\id 1CO - Biblica® Open New Oromo Contemporary Version 2022 \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h 1 Qorontos \toc1 Qorontos Tokkoffaa \toc2 1 Qorontos \toc3 1Qr \mt1 Qorontos \mt2 Tokkoffaa \c 1 \po \v 1 Phaawulos isa akka ergamaa Kiristoos Yesuus taʼuuf fedhii Waaqaatiin waamamee fi obboleessa keenya Soosteenes irraa, \po \v 2 Gara waldaa Waaqaa ishee Qorontos keessa jirtuutti, gara warra Kiristoos Yesuusiin qulqulleeffamanii fi warra lafa hundaa kanneen maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa Gooftaa isaaniitii fi Gooftaa keenyas taʼe sanaa waammatan hunda wajjin qulqulloota taʼuuf waamamaniitti: \po \v 3 Ayyaannii fi nagaan Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa isiniif haa taʼu. \s1 Galata Galchuu \p \v 4 Ani yeroo hunda ayyaana Waaqaa isa Kiristoos Yesuusiin isinii kennameef waaʼee keessaniif Waaqa nan galateeffadha. \v 5 Isinis karaa hundaan jechuunis dubbii fi beekumsa hundaan isaan badhaataniirtu; \v 6 wanti nu waaʼee Kiristoos dhugaa baane sun isin gidduutti mirkaneeffameeraatii. \v 7 Kanaafuu utuu mulʼachuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirtanuu kennaan hafuuraa tokko iyyuu isin jalaa hin hirʼatu. \v 8 Akka isin guyyaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti warra mudaa hin qabne taataniifis inni hamma dhumaatti jabeessee isin eega. \v 9 Waaqni gara tokkummaa Ilma isaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti isin waame sun amanamaa dha. \s1 Gargar Baʼuu Waldaa Kiristaanaa \p \v 10 Yaa obboloota, ani akka isin gidduu gargar baʼuun hin jiraannee fi akka qalbii fi yaada tokko qabaattanii hundi keessan walii galtaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin kadhadha. \v 11 Yaa obboloota ko, akka isin gidduu lolli jiru warri mana Kiloʼee jiraatan tokko tokko natti himaniiru. \v 12 Wanti ani jedhus kana: Isin keessaa namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedha; inni kaan, “Ani kan Apholoos” jedha; kaanis, “Ani kan Keefaa ti” jedha; kaan immoo, “Ani kan Kiristoos” jedha. \p \v 13 Kiristoos gargar qoodameeraa? Phaawulositu isinii fannifame ree? Yookaan maqaa Phaawulosiin cuuphamtanii? \v 14 Ani Kiriisphoosii fi Gaayoosin malee isin keessaa nama tokko illee waan hin cuuphiniif Waaqa nan galateeffadha. \v 15 Kanaaf namni akka isin maqaa kootiin cuuphamtan dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. \v 16 Eeyyee, ani warra mana Isxiifaanaas jiraatanis akkasuma cuupheera; sanaan alatti nama biraa tokko illee cuuphuu koo hin yaadadhu. \v 17 Kiristoos akka ani wangeela lallabuuf malee akka ani cuuphuuf na hin ergineetii; anis akka fannoon Kiristoos humna hin dhabneef dubbii ogummaa namaatiin hin lallabu. \s1 Kiristoos Ogummaa fi Humna Waaqaa ti \p \v 18 Dubbiin fannoo warra baduuf jiraniif gowwummaadhaatii; nu warra fayyinuuf garuu humna Waaqaa ti. \v 19 Kunis, \q1 “Ani ogummaa ogeeyyii nan balleessa; \q2 hubannaa hubattootaas nan fashaleessa”\f + \fr 1:19 \fr*\ft \+xt Isa 29:14\+xt*\ft*\f* \m jedhamee barreeffameera. \p \v 20 Namni ogeessi eessa jira? Hayyuun eessa jira? Falaasamaan bara kanaa eessa jira? Waaqni ogummaa addunyaa kanaa gowwummaa hin goonee ree? \v 21 Sababii ogummaa Waaqaatiin addunyaan karaa ogummaa isheetiin Waaqa waan hin beekiniif, Waaqni gowwummaa lallabaatiin warra amanan fayyisuu jaallate. \v 22 Yihuudoonni mallattoo fedhu; Giriikonni immoo ogummaa barbaadu; \v 23 nu garuu Kiristoos isa fannifame sana lallabna; innis Yihuudootatti gufuu dha; Namoota Ormaatiif immoo gowwummaa dha; \v 24 warra waamamaniif garuu Yihuudootaafis taʼu Giriikotaaf Kiristoos humna Waaqaatii fi ogummaa Waaqaa ti. \v 25 Gowwummaan Waaqaa ogummaa namaa caalaa ogeessaatii; dadhabbiin Waaqaas jabina namaa irra jabaa dha. \p \v 26 Yaa obboloota, isin yeroo waamamtanitti maal akka turtan yaadadhaa. Akka ilaalcha namaatti baayʼeen keessan ogeeyyii hin turre; baayʼeen keessanis beekamoo hin turre; baayʼeen keessan immoo sanyii warra gurguddaa irraa hin dhalanne. \v 27 Waaqni garuu ogeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti gowwaa taʼe filate; Waaqni warra jajjabeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti dadhabaa taʼe filate. \v 28 Waaqni waan jiru waan hin jirre gochuuf, waan addunyaa kana irratti gad aanaa fi tuffatamaa taʼe, waan iddoo hin qabnes filate; \v 29 kunis akka eenyu iyyuu isa duratti of hin jajneef. \v 30 Isin sababii isaatiin kan Kiristoos Yesuus taatan; inni ogummaa keenya kan Waaqa biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha. \v 31 Kunis akkuma, “Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu”\f + \fr 1:31 \fr*\ft \+xt Erm 9:24\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffamee dha. \c 2 \p \v 1 Yaa obboloota, ani yeroon gara keessan dhufetti, afaan toluun yookaan ogummaa guddaadhaan dhuga baʼumsa waaʼee Waaqaa lallabaa hin dhufne. \v 2 Ani yeroon isin bira turetti Yesuus Kiristoos isa fannifame sana malee akka waan tokko illee hin beekne murteesseen tureetii. \v 3 Ani dadhabbiin, sodaa fi hollannaa guddaadhaan gara keessan dhufe. \v 4 Ergaan koo fi lallabni koo Hafuuraa fi humna argisiisuudhaan malee dubbii ogummaa fi sossobbii of keessaa qabuun hin turre; \v 5 kunis akka amantiin keessan humna Waaqaa irratti malee ogummaa namaa irratti hin hundeeffamneef. \s1 Ogummaa Hafuura Irraa Argamu \p \v 6 Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti. \v 7 Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna. \v 8 Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii. \v 9 Taʼu iyyuu akkuma, \q1 “Waan Waaqni warra isa jaallataniif \q2 qopheesse iji hin argine, \q1 gurri hin dhageenye, \q2 garaa namaattis hin yaadamne”\f + \fr 2:9 \fr*\ft \+xt Isa 64:4\+xt*\ft*\f* \m jedhamee barreeffame sana, \v 10 Waaqni garuu Hafuura isaatiin waan kana nutti mulʼiseera. \p Hafuurri wantoota hunda, wantoota Waaqaa kanneen gad fagoo taʼan illee ni qora. \v 11 Hafuura isa keessa jiru malee yaada nama tokkoo eenyutu beeka? Akkasuma immoo Hafuura Waaqaa malee kan yaada Waaqaa beeku tokko iyyuu hin jiru. \v 12 Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne. \v 13 Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina. \v 14 Namni foonii wantoota Hafuura Waaqaa hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu. \v 15 Namni Hafuuraa waan hundumaa ni qora; ofii isaatii garuu eenyuun iyyuu hin qoramu. \q1 \v 16 “Akka isa barsiisuuf, \q2 eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?”\f + \fr 2:16 \fr*\ft \+xt Isa 40:13\+xt*\ft*\f* \m Nu garuu yaada garaa Kiristoos qabna. \c 3 \s1 Waaʼee Gargar Baʼuu Waldaa Kiristaanaa \p \v 1 Yaa obboloota, ani akka namoota foonii warra Kiristoositti daaʼimman taataniitti malee akka namoota Hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye. \v 2 Waan isin nyaata jabaa nyaachuu hin gaʼiniif ani aannan isiniif kenne malee nyaata cimaa isinii hin kennine. Dhugumaan isin amma iyyuu nyaachuu hin dandeenye. \v 3 Isin amma iyyuu nama foonii ti. Sababii hinaaffaa fi wal qoccoluun isin gidduu jiruuf isin nama foonii mitii? Akkuma namoota kaaniitti jiraattu mitii? \v 4 Namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedhee, inni kaan immoo, “Ani kan Apholoos” yoo jedhe isin namuma qofa mitii ree? \p \v 5 Egaa Apholoos eenyu? Phaawulosis eenyu? Isaan warra akkuma hojii Gooftaan tokkoo tokkoo isaaniitiif kenneetti tajaajilanii dha; isin immoo karaa isaaniitiin amantan. \v 6 Ani nan dhaabe; Apholoos bishaan obaase; Waaqni garuu ni guddise. \v 7 Kanaafuu Waaqa isa guddisu sana malee namichi dhaabu yookaan inni bishaan obaasu sun homaa miti. \v 8 Inni dhaabus, inni bishaan obaasus tokkuma; tokkoon tokkoon isaaniis akkuma dadhabbii isaaniitti gatii ni argatu. \v 9 Nu warra Waaqa wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Waaqaa ti; ijaarsa Waaqaatis. \p \v 10 Anis ayyaana Waaqni naa kenneen akkuma ogeessa ijaarsaa tokkootti hundee buuseera; namni kaan immoo isa irratti ijaaraa jira. Garuu tokkoon tokkoon namaa akkamitti akka ijaaru of eeggachuu qaba. \v 11 Namni tokko iyyuu hundee duraan buufame sana malee kan biraa buusuu hin dandaʼuutii; hundeen sunis Yesuus Kiristoos. \v 12 Namni kam iyyuu yoo hundee sana irratti warqeen, meetiin, dhagaa gatii guddaatiin, mukaan, citaan yookaan hoffaan ijaare, \v 13 guyyaan sun waan ifatti isa baasuuf hojiin isaa maal akka taʼe ni beekama. Innis ibiddaan ifatti baafama; ibiddi sunis qulqullina hojii nama hundaa ni qora. \v 14 Yoo wanni inni ijaare utuu hin gubatin hafeef inni gatii isaa ni argata. \v 15 Namni hojiin isaa jalaa gubate kam iyyuu gatii isaa ni dhaba; inni mataan isaa garuu ni oolfama; taʼus akka nama ibidda keessa darbeetti oolfama. \p \v 16 Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii? \v 17 Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Waaqaa balleesse, Waaqni isa ni balleessa; manni qulqullummaa Waaqaa qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin. \p \v 18 Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu. \v 19 Ogummaan addunyaa kanaa fuula Waaqaa duratti gowwummaadhaatii. Kunis isa, “Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba”\f + \fr 3:19 \fr*\ft \+xt Iyo 5:13\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffamee dha. \v 20 Akkasumas, “Gooftaan akka yaadni ogeeyyii faayidaa hin qabne ni beeka”\f + \fr 3:20 \fr*\ft \+xt Far 94:11\+xt*\ft*\f* jedhameera. \v 21 Kanaafuu eenyu iyyuu namaan hin booniin! Wanni hundinuu keessaniitii; \v 22 Phaawulosis taʼu Apholoos yookaan Keefaan yookaan addunyaan yookaan jireenyi yookaan duuti yookaan wanti amma jirus taʼu wanti dhufu hundinuu keessan; \v 23 isin kan Kiristoos; Kiristoos immoo kan Waaqaa ti. \c 4 \s1 Ergamoota Kiristoos \p \v 1 Kanaafuu namni akka tajaajiltoota Kiristoosii fi akka warra icciitiin Waaqaa imaanaa itti kennameetti nu ilaaluu qaba. \v 2 Warra imaanaan itti kenname sanas amanamoo taʼuutu irraa eegama. \v 3 Yoo isiniin yookaan nama kaaniin natti murame ani homaattuu hin lakkaaʼu; dhugumaan anuu ofitti hin muru. \v 4 Yaadni garaa koo qulqulluu dha; kun garuu qulqullina koo hin mirkaneessu. Kan natti muru Gooftaa dha. \v 5 Kanaafuu isin utuu yeroon murteeffame sun hin gaʼin murtii tokko iyyuu hin kenninaa; hamma Gooftaan dhufutti eegaa. Inni waan dukkana keessatti dhokfame ifatti ni baasa; hawwii garaa namaas ni mulʼisa. Yeroo sana namni hundinuu Waaqa biraa galata ni argata. \p \v 6 Egaa yaa obboloota, ani akka isin jechi, “Waan barreeffame irra hin darbin” jedhu sun maal jechuu akka taʼe nurraa barattaniif buʼaa keessaniif jedhee waan kana hunda Apholoosii fi ofii kootti fakkeesseera; kunis akka isin nama tokko isa kaan caalchiftanii hin koorreef. \v 7 Eenyutu akka ati warra kaan caaltu si godhe? Wanni Waaqni siif hin kennin kan ati qabdu maal faatu jira? Erga siif kennamee immoo akka waan kennaa hin taʼiniitti maaliif boonta ree? \p \v 8 Amma isin waan barbaaddan hundumaa argattaniirtu! Sooromtaniirtus! Nurraa gargar baatanii mootota taataniirtu! Nus akka isin wajjin mootota taanuuf utuu isin mootota taatanii ani akkaman hawwa ture! \v 9 Waaqni, nu ergamoota akka namoota duuti itti murtaaʼeetti waan dhuma hiriiraa nu taasise natti fakkaataatii. Nu addunyaa duratti, ergamootaa fi namoota durattis waan daawwatamu taaneerra. \v 10 Nu Kiristoosiif jennee gowwoota; isin garuu Kiristoosiin ogeeyyii dha! Nu dadhaboo dha; isin immoo jajjabeeyyii dha! Isin kabajamtoota; nu immoo tuffatamtoota! \v 11 Hamma saʼaatii ammaatti ni beelofna; ni dheebonna; ni daarra; ni reebamna; mana jireenyaas hin qabnu. \v 12 Harkuma keenyaan hojjechuudhaanis ni dadhabna. Yommuu abaaramnu ni eebbifna; yommuu ariʼatamnus ni obsina. \v 13 Yommuu arrabsamnu, waan gaarii deebifna; hamma yeroo kanaattis xurii lafaatii fi kosii addunyaa taaneerra. \s1 Waamichaa fi Akeekkachiisa Phaawulos \p \v 14 Kanas isinii barreessuun koo akka ijoollee koo kanneen jaallatamaniitti isin gorsuudhaaf malee isin qaanessuuf miti. \v 15 Isin yoo karaa Kiristoosiin guddiftoota kuma kudhan qabaattan iyyuu, abbootii baayʼee hin qabdan; ani Kiristoos Yesuusiin karaa wangeelaatiin abbaa keessan taʼeeraatii. \v 16 Kanaaf ani akka isin fakkeenya koo duukaa buutan isinan kadhadha. \v 17 Sababii kanaafis ani ilma koo isan jaalladhu, kan Gooftaattis amanamaa taʼe Xiimotewosin gara keessanitti ergeera. Innis haala jireenya koo kan ani Kiristoos Yesuusiin argadhe kan waan ani iddoo hundatti waldaa kiristaanaa hunda keessatti barsiisu wajjin deemu sana isin yaadachiisa. \p \v 18 Isin keessaa namoonni tokko tokko waan ani gara keessan hin dhufne seʼanii of tuulanii jiru. \v 19 Yoo fedhii Waaqaa taʼe garuu ani dafee gara keessan nan dhufa; ergasii waan of tuultonni kunneen dubbatan qofa utuu hin taʼin humna isaan qabanis beekuu nan barbaada. \v 20 Mootummaan Waaqaa humnaan malee dubbiidhaan miti. \v 21 Isin maal barbaaddu? Ani ulee qabadhee moo jaalalaa fi hafuura gad of qabuutiin gara keessan dhufa? \c 5 \s1 Halalummaa Waldaa keessa Jiru \p \v 1 Akka halalummaan ormoota keessatti illee hin beekamin isin gidduu jiru odeeffamaa jira: namni niitii abbaa isaa wajjin ciise tokko jiraatii. \v 2 Isinis of tuultaniirtu! Qooda kanaa akka malee gadditanii namicha waan akkasii hojjete sana tokkummaa keessan keessaa baasuun isin irra hin jiruu? \v 3 Ani fooniin isin biratti argamuu baadhu illee hafuuraan isin wajjinan jira. Ani akka waan isin wajjin jiruutti namicha waan akkasii hojjetetti ammuma mureera. \v 4 Yommuu isin maqaa Gooftaa keenya Yesuusiin walitti qabamtanitti anis yeroo hafuuraan isin wajjin taʼuuttii fi humna Gooftaa keenya Yesuus arganutti, \v 5 akka foon isaa balleeffamuuf, akka hafuurri isaa immoo guyyaa Gooftaatti fayyuuf namicha kana dabarsaatii Seexanatti kennaa. \p \v 6 Of tuuluun keessan gaarii miti. Isin akka raacitiin xinnoon bukoo guutuu bukeessitu hin beektanii? \v 7 Isin waan bukoo raacitii hin qabne taataniif akka Maxinoo haaraa taataniif raacitii moofaa of keessaa baasaatii gataa; hoolaan Faasiikaa keenya, Kiristoos aarsaa nuuf taʼeeraatii. \v 8 Kanaafuu kottaa raacitii moofaa yookaan raacitii jalʼinaatii fi hamminaatiin utuu hin taʼin Buddeena Hin bukaaʼin kan qulqullinaa fi dhugaa of keessaa qabuun ayyaanicha ayyaaneffannaa. \p \v 9 Ani akka isin namoota halalummaadhaan jiraatan wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef xalayaa koo keessatti isinii barreesseen ture; \v 10 kunis gonkumaa namoota halalummaadhaan addunyaa kana irra jiraatan yookaan doqnootaa fi saamtota yookaan warra Waaqa tolfamaa waaqeffatan jechuu koo miti. Utuu akkas taʼee immoo silaa addunyaa kana keessaa baʼuu qabdu ture. \v 11 Ani garuu akka isin nama, “Ani obboleessa” ofiin jechaa halalummaan jiraatu yookaan doqna yookaan nama Waaqa tolfamaa waaqeffatu yookaan maqaa nama balleessu yookaan machooftuu yookaan saamtuu wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef amma isinii barreessa. Nama akkasii wajjin nyaata iyyuu hin nyaatinaa! \p \v 12 Warra ala jiranitti muruun hojii kootii? Isin warra keessa jiranitti muruu hin qabdanii? \v 13 Waaqni warra ala jiranitti ni mura; “Nama hamaa of keessaa baasaa!”\f + \fr 5:13 \fr*\ft \+xt KeD 17:7; 19:19; 21:21; 22:21,24; 24:7\+xt*\ft*\f* \c 6 \s1 Wal Himachuu Amantootaa \p \v 1 Isin keessaa namni kam iyyuu yoo nama biraa irraa falmii qabaate, dhimma isaa qulqulloota duratti dhiʼeeffachuu irra akkamitti warra Waaqatti hin amanin duratti murtiif dhiʼeeffachuuf ija jabaata? \v 2 Isin akka qulqulloonni addunyaatti muran hin beektanii? Erga kan addunyaatti murtan taatanii waan xixinnootti muruu hin dandeessanii? \v 3 Isin akka nu ergamoota Waaqaatti murru hin beektanii? Yoos hammam caalaa waan jireenya addunyaa kanaatti haa murru ree? \v 4 Egaa yoo falmii dhimma akkasii qabaattan maaliif namoota waldaa Kiristaanaa keessatti tuffataman duratti dhiʼeeffattu ree? \v 5 Anis isin qaanessuuf waan kana nan dubbadha. Namni beekaan falmii amantoota gidduu jiruuf murtii kennuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru jechuudhaa? \v 6 Obboleessi tokko obboleessa kaan himachuuf jedhee mana murtii dhaqa; kunis fuula warra hin amannee duratti! \p \v 7 Wal himachuun keessan amma iyyuu guutumaatti moʼatamuu keessan argisiisa. Qooda kanaa dabni isinitti hojjetamuu hin wayyuu? Gowwoomfamuu isinii hin wayyuu? \v 8 Garuu isin mataan keessan iyyuu ni gowwoomsitu; dabas ni hojjettu; kanas obbolootuma keessanitti hojjettu. \v 9 Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, \v 10 yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan. \v 11 Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu. \s1 Halalummaa \p \v 12 “Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” kan faayidaa qabu garuu hunda isaa miti; “Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” garuu wanti tokko iyyuu na hin moʼatu. \v 13 “Nyaanni garaadhaaf; garaanis nyaataaf;” Waaqni garuu lachan isaanii iyyuu ni balleessa. Dhagni Gooftaa tajaajiluudhaaf malee halalummaaf miti; Gooftaanis dhagnaaf. \v 14 Waaqni humna isaatiin warra duʼan keessaa Gooftaa kaaseera; nus akkasuma ni kaasa. \v 15 Isin akka dhagni keessan kutaa dhagna Kiristoos taʼe hin beektanii? Yoos ani kutaa dhagna Kiristoos fuudhee kutaa dhagna sagaagaltuu godhuu ree? Gonkumaa hin taʼu! \v 16 Isin akka namni sagaagaltuu wajjin wal qunnamtii qabu tokko ishee wajjin dhagna tokko taʼu hin beektanii? “Lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu”\f + \fr 6:16 \fr*\ft \+xt Uma 2:24\+xt*\ft*\f* jedhameeraatii. \v 17 Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko. \p \v 18 Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta. \v 19 Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; \v 20 isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa. \c 7 \s1 Waaʼee Fuudhaa fi Heerumaa \p \v 1 Waaʼee waan isin naa barreessitan sanaa, namni tokko utuu fuudhuu baatee isaaf gaarii dha. \v 2 Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu. \v 3 Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu. \v 4 Niitiin dhagna ofii ishee irratti aangoo hin qabdu; kan aangoo qabu dhirsa. Akkasuma immoo dhirsi dhagna ofii isaa irratti aangoo hin qabu; kan aangoo qabdu niitii dha. \v 5 Yoo kadhannaatti jabaachuuf jettanii yeroof itti walii galtan malee wal hin didinaa. Ergasiis akka of qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni isin hin qorreef deebiʼaa wajjin jiraadhaa. \v 6 Kanas ani eeyyamaan malee ajajaaf hin dubbadhu. \v 7 Ani utuu namni hundumtuu akkuma koo taʼee nan hawwa ture. Garuu namni hundi kennaa ofii isaa kan Waaqni isaaf kenne qaba; inni tokko kennaa tokko, kaan immoo kennaa biraa qaba. \p \v 8 Ani warra hin fuudhinii fi warra hin heeruminiin, haadhota hiyyeessaatiin illee akkanan jedha: Isaan yoo akkuma koo fuudhaa fi heeruma malee hafan isaaniif wayya. \v 9 Yoo of qabuu dadhaban garuu haa fuudhan yookaan haa heeruman; hawwiin gubachuu irra fuudhuu yookaan heerumuu wayyaatii. \p \v 10 Warra fuudhanii fi warra heerumaniifis ajajni ani kennu kana: Ajaja kanas Gooftaatu kenna malee ana miti; niitiin dhirsa isheetiin gargar hin baʼin. \v 11 Yoo gargar baate garuu utuu hin heerumin haa jiraattu; yoo kanaa achii dhirsa isheetti haa araaramtu. Dhirsis niitii isaa hin hiikin. \p \v 12 Warra hafaniinis ani akkanan jedha: Kana immoo anatu jedha malee Gooftaa miti; obboleessi kam iyyuu yoo niitii amantii hin qabne qabaate, yoo isheenis isa wajjin jiraachuuf fedhii qabaatte, inni ishee hin hiikin. \v 13 Dubartiin tokkos yoo dhirsa amantii hin qabne qabaatte, yoo innis ishee wajjin jiraachuuf fedhii qabaate, isheen isa hin hiikin. \v 14 Dhirsi amantii hin qabne karaa niitii isaatiin qulqulleeffameeraatii; niitiin amantii hin qabnes karaa dhirsa isheetiin qulqulleeffamteertii. Yoo kanaa achii ijoolleen keessan xuraaʼoo taʼu; amma garuu qulqulloota. \p \v 15 Namni amantii hin qabne garuu yoo gargar baʼuu fedhe gargar haa baʼu. Obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko haala akkasii keessatti hin hidhaman; Waaqni akka isin nagaan jiraattaniif isin waameeraatii. \v 16 Yaa niitii, ati dhirsa kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta? Yookaan yaa dhirsa, ati niitii kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta? \s1 Eenyummaa Geeddarame \p \v 17 Tokkoon tokkoon namaa garuu akkuma jireenya Gooftaan kenneefiitti, akkuma Waaqni isa waamettis haa jiraatu. Waldoota Kiristaanaa hunda keessattis ajajni koo kanuma. \v 18 Namni tokko waamamuu isaatiin dura dhagna qabatee ture? Inni nama dhagna hin qabatin taʼuu hin qabu. Namni tokko waamamuu isaatiin dura dhagna hin qabannee? Inni dhagna hin qabatin. \v 19 Ajaja Waaqaa eeguutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu. \v 20 Tokkoon tokkoon namaa haaluma yeroo Waaqni isa waametti keessa ture keessa haa jiraatu. \p \v 21 Ati yeroo waamamtetti garba turtee? Yoo akkas taʼe inni si hin yaaddessin; yoo bilisa baʼuu dandeesse garuu itti fayyadami. \v 22 Namni yeroo Gooftaadhaan waamametti garba ture inni gooftaadhaaf bilisa; akkasuma immoo namni yeroo waamametti bilisa ture inni garbicha Kiristoos. \v 23 Isin gatiidhaan bitamtan; garboota namootaa hin taʼinaa. \v 24 Yaa obboloota, tokkoon tokkoon namaa haaluma yeroo itti waamametti keessa tureen fuula Waaqaa dura haa jiraatu. \s1 Waaʼee Warroota Hin fuudhinii \p \v 25 Ani waaʼee dubarran qulqulluu ajaja Gooftaan natti kenne hin qabu; garuu akka nama amanamaa taʼuuf araara Gooftaa argate tokkootti yaada koo nan kenna. \v 26 Sababii rakkina ammaatiif jettanii akkuma jirtanitti turuun isiniif gaarii natti fakkaata. \v 27 Ati niitiitti hidhamteertaa? Ishee hiikuu hin barbaadin. Ati niitii irraa hiikamteertaa? Niitii hin barbaadin. \v 28 Ati garuu yoo fuute cubbuu hojjechuu kee miti; durbis yoo heerumte cubbuu hojjechuu ishee miti. Taʼus addunyaa kana irratti warra fuudhanii fi warra heeruman rakkinatu argata; ani immoo rakkina kana jalaa isin baasuun barbaada. \p \v 29 Yaa obboloota, wanti ani jedhu kana; yeroon murteeffame sun gabaabateera; siʼachi warri niitii qaban akka waan hin qabaatiniitti haa jiraatan; \v 30 warri booʼan akka waan hin booʼiniitti, warri gammadan akka waan hin gammadiniitti, warri waa bitatan akka waan wanni bitatan sun kan isaanii hin taʼiniitti, \v 31 warri waan addunyaa kanaatti fayyadamanis akka waan itti hin fayyadaminiitti haa hedan. Bifti addunyaa kanaa ni badaatii. \p \v 32 Ani akka isin yaaddoo malee jiraattan nan hawwa. Namni hin fuudhin tokko Gooftaa gammachiisuuf dhimma Gooftaatti dhimma. \v 33 Namni fuudhe garuu niitii isaa gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimma; \v 34 fedhiin isaas gargar qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookaan durbi qulqulluun dhagnaa fi hafuuraan qulqulluu taʼuuf dhimma Gooftaatti dhimmiti. Dubartiin heerumte garuu dhirsa ishee gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimmiti. \v 35 Kana jechuun koos isin fayyaduuf malee kiyyootti isin galchuuf miti; qooda kanaa akka isin yaada gargar hin hiraminiin karaa qajeelaa irra Gooftaaf jiraattan nan hawwa. \p \v 36 Namni kam iyyuu yoo durba kaadhimate sirriitti qabuu baate, yoo umuriin ishee dabalaa deemee innis akka ishee fuudhuu qabu yaade, akkuma fedhii isaa haa godhu. Inni cubbuu hojjechuu isaa miti. Isaan wal fuudhuu qabu. \v 37 Garuu namni waan kana yaada ofii isaatiin murteesse, kan dirqama tokko illee jala hin jirree fedhii ofii isaa moʼachuu dandaʼu, kan akka durba sana hin fuune murteeffate, innis waan qajeelaa hojjete. \v 38 Kanaafuu namni durba fuudhu waan qajeelaa hojjete; kan ishee fuudhuu dhiise immoo caalaa waan qajeelaa hojjete. \p \v 39 Dubartiin tokko hamma dhirsi ishee jirutti isatti hidhamteerti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu isheen abbaa barbaaddetti heerumuuf bilisa; garuu inni nama Gooftaa taʼuu qaba. \v 40 Akka yaada kootti garuu isheen yoo utuu hin heerumin hafte caalaa gammaddi; anis Hafuura Waaqaa of keessaa nan qaba jedheen yaada. \c 8 \s1 Nyaata Waaqota Tolfamoof Dhiʼeeffame \p \v 1 Waaʼee nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamee akka nu hundinuu beekumsa qabnu beekna. Beekumsi of nama tuulchisa; jaalalli garuu nama ijaara. \v 2 Namni waan waa beeku of seʼu inni amma illee akka beekuun isa irra jirutti hin beeku. \v 3 Namni Waaqa jaallatu garuu Waaqaan beekameera. \p \v 4 Egaa waaʼee nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaachuu irratti, “Akka addunyaa kana irratti Waaqni tolfamaan homaa hin fayyadne, Waaqa tokkicha malees akka Waaqni biraa hin jirre” beekna. \v 5 Dhugumaan akkuma waaqonni baayʼeenii fi gooftonni baayʼeen jiran sana wantoonni waaqota jedhaman samii irra yookaan lafa irra jiraatan iyyuu, \v 6 garuu Waaqa tokkicha, Abbaa, kan wanni hundi isa biraa dhufe, kan nus isaaf jiraannu qabna; akkasumas Gooftaa tokkicha, Yesuus Kiristoos kan wanni hundi karaa isaatiin dhufee fi kan nuus karaa isaatiin jiraannutu jira. \p \v 7 Garuu namni beekumsa kana qabu nama hunda miti. Namoonni tokko tokko waaqota tolfamoo waan baraniif yommuu nyaata akkanaa nyaatanitti akka waan Waaqa tolfamaaf dhiʼeeffameetti hedu; yaadni garaa isaaniis waan dadhabaa taʼeef ni xuraaʼa. \v 8 Nyaanni garuu Waaqatti nu hin dhiʼeessu; yoo nyaachuu baanne wanni nutti hammaatu, yoo nyaannes wanni nutti tolu hin jiru. \p \v 9 Taʼus akka mirgi keessan kun warra dadhabootti gufuu hin taaneef of eeggadhaa. \v 10 Namni yaada dadhabaa qabu tokko yoo utuu ati iyyuu namni beekumsa qabdu mana qulqullummaa Waaqa tolfamaa keessatti nyaattuu si arge inni waan waaqota tolfamoof dhiʼeeffame sana nyaachuuf ija hin jabaatuu? \v 11 Akkasiin obboleessi dadhabaan Kiristoos isaaf jedhee duʼe kun beekumsa keetiin bada. \v 12 Isinis yoo karaa kanaan obboloota keessanitti cubbuu hojjettan, yaada isaanii isa dadhabaas yoo madeessitan, isin Kiristoositti cubbuu hojjettu. \v 13 Kanaafuu yoo wanni ani nyaadhu obboleessa koo gufachiise, ani akka obboleessi koo hin gufanneef gonkumaa deebiʼee foon hin nyaadhu. \c 9 \s1 Mirga Ergamaa Tokkoo \p \v 1 Ani bilisa mitii? Ani ergamaa mitii? Ani Gooftaa keenya Yesuusin hin arginee? Isin buʼaa hojii ani Gooftaaf hojjedhee mitii? \v 2 Ani yoon warra kaaniif ergamaa taʼuu baadhe iyyuu isiniif dhugumaan ergamaa dha! Isin Gooftaadhaan chaappaa ergamtummaa koo ti. \p \v 3 Deebiin ani warra na qoraniif kennu kana. \v 4 Nu nyaachuu fi dhuguuf mirga hin qabnuu? \v 5 Nu akkuma ergamoota kaanii, akkuma obboloota Gooftaatii fi akkuma Keefaa niitii amantu tokko of faana fudhannee deemuuf mirga hin qabnuu? \v 6 Yookaan anaa fi Barnaabaas qofatu hojii dhiisuuf mirga hin qabnee? \p \v 7 Namni baasii ofii isaatiin loltuu taʼee tajaajilu eenyu? Namni iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabee ija isaa hin nyaanne eenyu? Namni bushaayee tiksaa aannan hin dhugne eenyu? \v 8 Kanas ani akka taayitaa namaa qofaanan dubbadhaa? Seerris kanuma dubbata mitii? \v 9 Seera Musee keessatti, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin”\f + \fr 9:9 \fr*\ft \+xt KeD 25:4\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffameeraatii. Egaa Waaqni qotiyyoodhaaf yaaduu isaatii ree? \v 10 Inni guutummaatti sababii keenyaaf dubbachuu isaa mitii? Eeyyee, kun sababii keenyaaf barreeffame; sababiin isaa inni qotu qotuun isaa, inni midhaan siribsiisus siribsiisuun isaa akka midhaan sana keessaa qooddatu abdachaa hojjechuu qaba. \v 11 Nu waan hafuuraa isin keessatti facaafnee yoo waan foonii isin irraa haammanne kun ni guddataa? \v 12 Erga warri kaan mirga gargaarsaa kana isin irraa qabaattanii, nu immoo kan caalu hin qabaannuu ree? \p Nu garuu mirga kanatti hin fayyadamne. Nu wangeela Kiristoositti gufuu taʼuu mannaa waanuma hunda obsuu qabna. \p \v 13 Isin akka warri mana qulqullummaa keessa wantoota qulqulluu irra tajaajilan nyaata isaanii mana qulqullummaa irraa argatan, akka warri iddoo aarsaa tajaajilan immoo waan iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamu irraa qooddatan hin beektanii? \v 14 Akkasuma immoo akka warri wangeela lallaban waan ittiin jiraatan wangeela irraa argatan Gooftaan ajajeera. \p \v 15 Ani garuu mirga kana keessaa tokkotti illee hin fayyadamne. Kanas isiniif barreessuun koo waan akkasii naa gootu jedhee abdadhee miti. Namni tokko waan ani ittiin of jaju kana na jalaa busheessuu mannaa ani duʼuu naa wayya! \v 16 Ani yoon wangeela lallabe of jajuu hin dandaʼu; lallabuun dirqama kootii. Yoon wangeela lallabuu baadhe anaaf wayyoo! \v 17 Ani yoon fedhii kootiin lallabe badhaasa qaba; yoon fedhii kootiin hin taʼin garuu ani imaanaadhuma natti kenname sana raawwachuu koo ti. \v 18 Yoos badhaasni koo maali ree? Badhaasni koo, lallaba koo keessatti ani mirga wangeelaan qabutti guutuumaan guutuutti utuu hin fayyadamin kaffaltii malee wangeela lallabuu koo ti. \s1 Phaawulos Mirga Isaatti Fayyadamuu Isaa \p \v 19 Ani nama hunda irraa bilisa taʼu iyyuu nama gara caaluuf buʼaa buusuuf jedhee nama hundaaf of garboomse. \v 20 Ani Yihuudootaaf buʼaa buusuuf jedhee Yihuudootaaf akka Yihuudii nan taʼe. Yoon ofii kootii seera jala jiraachuu baadhe iyyuu, warra seera jala jiraniif buʼaa buusuuf jedhee akka nama seera jala jiruu nan taʼe. \v 21 Ani utuun seera Waaqaatiin ala hin taʼin, garuu utuman seera Kiristoos jala jiruu, warra seera hin qabneef buʼaa buusuuf jedhee warra seera hin qabneef akka nama seera hin qabneen taʼe. \v 22 Ani warra dadhaboof buʼaa buusuuf jedhee warra dadhaboo biratti dadhabaan taʼe. Ani karaa dandaʼamu hundaan namoota tokko tokko fayyisuuf jedhee nama hunda biratti waanuma hunda nan taʼe. \v 23 Akkan wangeela keessatti hirmaadhuufis sababii wangeelaatiif jedhee waan kana hunda nan hojjedha. \s1 Barbaachisummaa Naamusa Dhuunfaa \p \v 24 Dorgommii fiigichaa keessatti akka warri fiigan hundinuu dorgoman, garuu akka namni tokko qofti badhaasa argatu hin beektanii? Isinis akkasuma akka badhaasa argattaniif fiigaa! \v 25 Namni dorgommii keessatti dorgomu hundinuu leenjii cimaa keessa darba. Isaan gonfoo badu argachuuf waan kana godhu; nu garuu gonfoo hin badne argachuuf waan kana goona. \v 26 Kanaafuu ani akka nama kaayyoo malee fiiguutti hin fiigu; akka nama qilleensa rukutuutti hin lolu. \v 27 Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha. \c 10 \s1 Israaʼeloota Irraa Haa barannu \p \v 1 Yaa obboloota, akka abbootiin keenya hundi duumessa jala turan, akka hundi isaaniis galaana keessa darban akka isin utuu hin beekin haftan ani hin barbaadu. \v 2 Hundi isaaniis kan Musee taʼuuf duumessaa fi galaanaan cuuphaman. \v 3 Hundi isaaniis nyaata hafuuraa tokkicha nyaatan. \v 4 Hundi isaaniis dhugaatii hafuuraa tokkicha dhugan. Isaan kattaa hafuuraa isa isaan wajjin deemaa ture irraa dhuganiiruutii; kattaan sunis Kiristoos ture. \v 5 Taʼu iyyuu waan Waaqni hedduu isaaniitti hin gammadiniif isaan lafa gammoojjii keessatti dhuman. \p \v 6 Wantoonni kunneen akka nu akkuma isaanii waan hamaa hin hawwineef fakkeenya nuu taʼan. \v 7 Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko godhan sana isin waaqota tolfamoo hin waaqeffatinaa; kunis akkuma, “Namoonni nyaachuu fi dhuguuf tataaʼan; sirbuufis kaʼan”\f + \fr 10:7 \fr*\ft \+xt Bau 32:6\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffamee dha. \v 8 Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko halalummaa raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman sana, nu halalummaa raawwachuu hin qabnu. \v 9 Akka isaan keessaa tokko tokko Gooftaa qoranii bofaan ajjeefaman sana nu Gooftaa qoruu hin qabnu. \v 10 Isin akka isaan keessaa tokko tokko guungumanii isa nama balleessuun balleeffaman sana hin guunguminaa. \p \v 11 Kun hundi akka fakkeenya taʼuuf isaan irratti raawwatame; nuu warra dhumni baraa itti dhufeef immoo akka of eeggannaa taʼuuf barreeffame. \v 12 Kanaafuu namni waan dhaabate of seʼu akka hin kufneef of haa eeggatu. \v 13 Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Waaqnis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa. \s1 Waaqota Tolfamoo Irraa Fagaachuu \p \v 14 Kanaafuu yaa michoota ko, isin waaqota tolfamoo waaqeffachuu irraa baqadhaa. \v 15 Ani namoota hubannaa qabanittin dubbadha; waan ani dubbadhu isinuu murteessaa. \v 16 Xoofoon eebbaa kan nu eebbifnu sun dhiiga Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii? Buddeenni nu caccabsinu sunis foon Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii? \v 17 Waan buddeenni tokko qofti jiruuf, nu baayʼee taanu iyyuu dhagnuma tokko; hundi keenya buddeenuma tokkicha sana irraa hirmaannaatii. \p \v 18 Mee saba Israaʼel ilaalaa: Warri aarsaa irraa nyaatan sun iddoo aarsaa irraa qooda qabu mitii? \v 19 Egaa maal jechuu koo ti? Nyaanni waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu wayi moo ree yookaan Waaqni tolfamaan wayi moo ree jechuu kootii? \v 20 Akkas miti; aarsaan namoonni ormaa dhiʼeessan hafuurota hamoodhaaf malee Waaqaaf miti; ani akka isin hafuurota hamoo wajjin tokkummaa qabaattan hin barbaadu. \v 21 Isin xoofoo Gooftaatii fi xoofoo hafuurota hamoo dhuguu hin dandeessan; maaddii Gooftaatii fi maaddii hafuurota hamoo irrattis hirmaachuu hin dandeessan. \v 22 Nu Gooftaa hinaaffaaf kakaafnaa? Nu isa caalaas jabaannaa? \s1 Bilisummaa Amantootaa \p \v 23 “Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan faayidaa qabu garuu waan hunda miti. “Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan nama fayyadu garuu waan hunda miti. \v 24 Namni tokko iyyuu waan warra kaaniif gaarii taʼe barbaaduu qaba malee waan ofii isaatiif gaarii taʼe barbaaduu hin qabu. \p \v 25 Utuu gaaffii qalbii keessaa tokko illee hin kaasin waan gabaa fooniitti gurguramu kam iyyuu nyaadhaa; \v 26 “Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu kan Gooftaatii.”\f + \fr 10:26 \fr*\ft \+xt Far 24:1\+xt*\ft*\f* \p \v 27 Warra hin amanin keessaa yoo namni tokko nyaataaf isin affeere, isinis yoo dhaquu barbaaddan dhaqaa; utuu gaaffii qalbii keessaa tokko illee hin kaasin waan isin duratti dhiʼeeffame kam iyyuu nyaadhaa. \v 28 Garuu yoo namni tokko, “Kun waaqota tolfamoodhaaf dhiʼeeffame” isiniin jedhe, sababii namicha isinitti hime sanaatii fi sababii qalbiitiif waan sana hin nyaatinaa. \v 29 Kanas qalbii namicha sanaati malee kan keeti jechuu koo miti. Maaliif qalbii nama biraatiin bilisummaa kootti murama ree? \v 30 Ani ergan galateeffachuudhaan nyaata sana irratti hirmaadhee maaliifan waan ittiin Waaqa galateeffadhuun balaaleffatama ree? \p \v 31 Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Waaqaatiif hojjedhaa. \v 32 Yihuudoota yookaan Giriikota yookaan waldaa kiristaanaa kan Waaqaa hin gufachiisinaa; \v 33 kunis akkuma ani nama hunda karaa hundaan gammachiisuuf yaalii godhutti jechuu dha. Ani akka isaan fayyaniif buʼaa namoota baayʼeetiif malee buʼaa kootiif jedhee waan kana hin godhu. \c 11 \nb \v 1 Akkuma ani Kiristoosin fakkaadhu, isinis na fakkaadhaa. \s1 Sirna Waaqeffannaa \p \v 2 Ani sababii isin waan hundaan na yaadattanii fi waan duudhaa ani dabarsee isinitti kennes jabeessitanii qabattaniif isinin galateeffadha. \v 3 Ani akka mataan dhiira hundumaa Kiristoos taʼe, akka mataan dubartii dhiira taʼe, akka mataan Kiristoos immoo Waaqa taʼe akka beektan nan barbaada. \v 4 Dhiirri mataa isaa haguuggatee kadhatu yookaan raajii dubbatu hundinuu mataa ofii isaa salphisa. \v 5 Dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin kadhattu yookaan raajii dubbattu kam iyyuu mataa ofii ishee salphifti; kun akka waan mataan ishee haaddameetti hedamaatii. \v 6 Dubartiin tokko yoo mataa ishee haguuggachuu baatte rifeensa mataa ishee murachuu qabdi; dubartiin rifeensa mataa ishee murachuun yookaan haaddachuun yoo qaanii itti taʼe immoo mataa ishee haguuggachuu qabdi. \p \v 7 Dhiirri fakkaattii fi ulfina Waaqaa waan taʼeef mataa isaa haguuggachuu hin qabu; dubartiin garuu ulfina dhiiraa ti. \v 8 Dubartiitu dhiira irraa argame malee dhiirri dubartii irraa hin argamneetii; \v 9 dubartiitu dhiiraaf uumame malee dhiirri dubartiif hin uumamne. \v 10 Kanaafuu dubartiin sababii ergamoota Waaqaatiif mallattoo taayitaa mataa ishee irraa qabaachuu qabdi. \v 11 Taʼus Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee yookaan dhiirri dubartii malee hin taʼu. \v 12 Akkuma dubartiin dhiira irraa argamte akkasuma immoo dhiirri dubartii irraa dhalataatii; wanni hundi garuu Waaqa biraa argama. \p \v 13 Mee isinuu murteessaa; dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin Waaqa kadhachuun sirriidhaa? \v 14 Akka dhiirri rifeensa mataa dheereffachuun isaaf salphina taʼe uumamni iyyuu isin hin barsiisuu? \v 15 Dubartiin garuu yoo rifeensa dheeraa qabaatte, inni isheef ulfina mitii? Rifeensi dheeraan akka haguuggiitti isheef kennameeraatii. \v 16 Garuu yoo abbaan fedhe iyyuu waaʼee kanaa mormuu barbaade, nu yookaan waldaaleen kiristaanaa Waaqaa duudhaa akkasii hin qabnu. \s1 Irbaata Gooftaa \r 11:23‑25 kwf – \xt Mat 26:26‑28; Mar 14:22‑24; Luq 22:17‑20\xt* \p \v 17 Walitti qabamuun keessan waan waa balleessu malee waa tolchu hin taʼiniif ani ajaja kana keessatti isin hin jaju. \v 18 Waan hunda dura, yommuu isin akka waldaatti walitti qabamtanitti akka gargar baʼuun gidduu keessan jiru nan dhagaʼa; kanas karaa tokkoon ani nan amana. \v 19 Warra isin keessaa Waaqa biratti fudhatama qaban ifatti baasuuf, garaa garummaan isin gidduu jiraachuu qaba. \v 20 Yommuu walitti qabamtanitti wanti isin nyaattan Irbaata Gooftaa miti; \v 21 yeroo nyaataatti namni hundinuu irbaata ofii isaa nyaata. Inni tokko ni beelaʼa; kaan immoo ni machaaʼa. \v 22 Isin mana itti nyaattanii fi itti dhugdan hin qabdan moo? Yookaan waldaa Kiristaanaa Waaqaa tuffattanii warra homaa hin qabne qaanessitu? Ani maalan isiniin jedha? Isin jajuu ree? Ani kanaan isin hin jaju! \p \v 23 Ani waanan dabarsee isinitti kenne kana Gooftaa irraa fudhadheeraatii; Gooftaa Yesuus halkan dabarfamee kenname sana buddeena fuudhee, \v 24 galata galche; buddeena sanas caccabsee, \wj “Kun foon koo kan isiniif taʼuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa”\wj* jedhe. \v 25 Akkasumas irbaata booddee xoofoo fuudhee, \wj “Xoofoon kun kakuu haaraa dhiiga kootiin taʼuu dha; yeroo isa dhugdan hunda na yaadachuuf godhadhaa”\wj* jedhe. \v 26 Isinis hamma Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan hunda duʼa isaa ni labsitu. \p \v 27 Kanaafuu namni haala hin malleen buddeena sana nyaatu yookaan xoofoo Gooftaa dhugu kam iyyuu foonii fi dhiiga Gooftaatti ni gaafatama. \v 28 Namni tokko utuu buddeena sana irraa hin nyaatin, utuu xoofoo sana irraas hin dhugin dura of qoruu qaba. \v 29 Namni utuu foon Gooftaa addaan baasee hin hubatin nyaatee dhugu, inni ofii isaatti murtii nyaatee dhugaatii. \v 30 Kanaafis isin keessaa hedduun dadhabaniiru; dhukkubsataniirus; hedduunis boqotaniiru. \v 31 Utuu of qorree garuu nutti hin muramu ture. \v 32 Gooftaan yommuu nutti muru garuu akka addunyaa wajjin nutti hin muramneef nu adaba. \p \v 33 Kanaafuu yaa obboloota ko, isin yommuu nyaachuuf walitti qabamtan wal eegaa. \v 34 Akka walitti qabamuun keessan murtii isinitti hin fidneef eenyu iyyuu yoo beelaʼe mana isaatti haa nyaatu! \p Waan hafe irratti immoo ani yommuun dhufutti qajeelcha nan kenna. \c 12 \s1 Waaʼee Kennaawwan Hafuuraa \p \v 1 Yaa obboloota ko, egaa ani akka isin waaʼee kennaawwan hafuuraa wallaaltan hin barbaadu. \v 2 Isin yeroo ormoota turtanitti akka gowwoomfamtanii gara waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenyeetti geeffamtanii turtan ni beektu. \v 3 Kanaafuu namni Hafuura Waaqaatiin dubbatu kam iyyuu akka, “Yesuus abaaramaa dha” hin jenne, akka eenyu iyyuu yoo Hafuura Qulqulluudhaan taʼe malee, “Yesuus Gooftaa dha” jechuu hin dandeenye ani isinittin hima. \p \v 4 Kennaawwan gosa garaa garaatu jira; Hafuurri garuu tokkuma. \v 5 Tajaajila gosa garaa garaatu jira; Gooftaan garuu tokkuma. \v 6 Hojii gosa garaa garaatu jira; waan hundumaa garuu Waaqa tokkichatu nama hundumaan hojjeta. \p \v 7 Mulʼanni Hafuura Qulqulluu garuu faayidaa waliitiif tokkoo tokkoo namaatiif kennama. \v 8 Isa tokkoof karaa Hafuuraatiin dubbii ogummaatu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma sanaan dubbii beekumsaatu kennama; \v 9 isa kaaniif Hafuuruma sanaan amantiitu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma tokkicha sanaan kennaawwan warra dhukkubsatan fayyisuutu kennama; \v 10 isa tokkoof dinqiiwwan hojjechuu, isa kaaniif raajii dubbachuu, isa kaaniif hafuurota addaan baasee beekuu, isa kaaniifis afaan haaraa gosa adda addaa dubbachuu, isa kaaniif immoo afaan haaraa sana hiikuutu kennama. \v 11 Waan kana hundas Hafuuruma tokkicha sanatu akkuma fedhii ofii isaatti tokkoo tokkoo namaatiif dhuunfaatti hiruudhaan hojjeta. \s1 Tokkummaa fi garaa garummaa Kutaa Dhagnaa \p \v 12 Dhagni kutaa baayʼee qabaatu illee dhagnuma tokko; kutaawwan dhagnaa yoo baayʼatani illee hundi isaanii dhagnuma tokko taʼu. Kiristoosis akkasuma. \v 13 Nu Yihuudoota yookaan Giriikota, garboota yookaan warra bilisooman taanus hundi keenya Hafuura tokkoon dhagna tokkotti cuuphamneerraatii; hundi keenyas, akka dhugnuuf Hafuurri tokkichi sun nuu kennameera. \v 14 Dhagni kutaa tokko qofa utuu hin taʼin kutaawwan baayʼeedhaatii. \p \v 15 Miilli yoo, “Ani waanan harka hin taʼiniif, ani kutaa dhagnaa mitii” jedhe, sababii kanaaf kutaa dhagnaa taʼuun isaa hin hafu. \v 16 Gurris yoo, “Ani waanan ija hin taʼiniif, ani kutaa dhagnaa miti” jedhe, sababii kanaaf kutaa dhagnaa taʼuun isaa hin hafu. \v 17 Utuu dhagni guutumaatti ija taʼee jiraatee silaa dhagaʼuun eessa jira? Utuu dhagni guutumaatti gurra taʼee jiraatee silaa fuunfachuun eessa jira? \v 18 Amma garuu Waaqni akkuma ofii barbaadetti kutaawwan sana adduma addaan dhagna keessa kaaʼeera. \v 19 Utuu hundi isaanii kutaa dhagnaa tokkicha taʼanii silaa dhagni eessa jira? \v 20 Egaa kutaawwan dhagnaa baayʼee dha; dhagni garuu tokkuma. \p \v 21 Iji harkaan, “Ati na hin barbaachiftu!” jechuu hin dandaʼu; yookaan mataan miillaan, “Ati na hin barbaachiftu!” jechuu hin dandaʼu. \v 22 Dhugumaanuu kutaawwan dhagnaa kanneen dadhaboo fakkaatan akka malee barbaachisoo dha; \v 23 kutaawwan dhagnaa kanneen tuffatamoo nutti fakkaataniifis ulfina addaa ni kennina. Kutaawwan dhagnaa kanneen nu itti qaanofnuuf immoo ulfinni addaa ni kennama; \v 24 kutaawwan dhagna keenyaa kanneen nu itti hin qaanofne waan kana hin barbaadan. Waaqni garuu kutaawwan dhagnaa walitti fayyisee kutaawwan nu itti qaanofnuuf ulfina caalu kenne; \v 25 kunis akka kutaawwan haaluma tokkoon walii yaadanii fi akka dhagna keessa gargar baʼuun hin jiraanneef. \v 26 Yoo kutaan dhagnaa tokko rakkate kutaawwan hundinuu isa wajjin rakkatu; yoo kutaan tokko ulfina argate kutaawwan hundi isa wajjin gammadu. \p \v 27 Isin amma dhagna Kiristoos; tokkoon tokkoon keessanis kutaa dhagna sanaa ti. \v 28 Waaqni waldaa Kiristaanaa keessatti tokkoffaa ergamoota, lammaffaa raajota, sadaffaa barsiistota, ergasiis warra hojii dinqii hojjetan, itti aansees warra kennaa dhukkubsattoota fayyisuu qaban, warra namoota gargaaruu dandaʼan, warra kennaa bulchiinsaa qabanii fi warra afaan haaraa gosa addaa addaa dubbatan filateera. \v 29 Hundumatu ergamootaa? Hundumatu raajotaa? Hundumatu barsiistotaa? Hundinuu hojii dinqii hojjetuu? \v 30 Hundumatu kennaa dhukkubsattoota fayyisuu qabaa? Hundumatu afaan haaraa dubbataa? Hundumatu afaan sana hiikaa? \v 31 Isin garuu jabeessaatii kennaa caalu barbaadaa. \s1 Jaalala \p Amma illee ani karaa karaa hundumaa caalu isinitti nan argisiisa. \c 13 \p \v 1 Ani yoon afaan namootaatii fi afaan ergamoota Waaqaa dubbadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan akkuma sibiila iyyuu yookaan akka kilillee qillisu tokkoo ti. \v 2 Ani yoon kennaa raajii dubbachuu qabaadhe, icciitii hundaa fi beekumsa hunda hubachuu yoon dandaʼe, amantii gaara buqqisuu dandaʼus yoon qabaadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan ani homaa miti. \v 3 Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu. \p \v 4 Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. \v 5 Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. \v 6 Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. \v 7 Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata. \p \v 8 Jaalalli gonkumaa hin badu. Raajii taanaan ni darba; afaan haaraa taanaan ni hafa; beekumsas taanaan ni bada. \v 9 Nu beekumsa irraa gara tokko beeknaatii; raajiis gara tokko dubbanna; \v 10 yommuu inni guutuun dhufutti garuu inni gartokkeen ni bada. \v 11 Ani yeroon ijoollee turetti, akka ijoolleettin dubbadha ture; akka ijoolleettin yaada ture; akka ijoolleetti nan herrega ture; ani ergan nama guddaa taʼee garuu ijoollummaa dhiiseera. \v 12 Amma of-ilaalee keessaan bifa dimimmisaaʼaa arginaatii; yeroo sana garuu ifaan ifatti ni argina. Ani amma gartokkon beeka; yeroo sana garuu ani akkuma guutummaatti beekame sana guutummaatti beekuufin jira. \p \v 13 Egaa amantiin, abdii fi jaalalli sadan isaanii iyyuu ni jiraatu. Isaan keessaa garuu jaalalatu caala. \c 14 \s1 Qalbeeffannaa Yeroo Waaqeffannaa \p \v 1 Karaa jaalalaa duukaa buʼaa; kennaawwan Hafuuraa, keessumattuu kennaa raajii cimsaatii barbaadaa. \v 2 Namni afaan haaraan dubbatu kam iyyuu Waaqatti malee namootatti hin dubbatuutii. Dhugumaan namni tokko iyyuu isa hin hubatu; inni Hafuuraan icciitii dubbata. \v 3 Namni raajii dubbatu garuu isaan ijaaruuf, gorsuu fi jajjabeessuuf jedhee namootatti dubbata. \v 4 Namni afaan haaraan dubbatu ofuma isaa cimsa; kan raajii dubbatu garuu waldaa kiristaanaa cimsa. \v 5 Ani akka hundi keessan afaan haaraan dubbattan nan barbaada; caalaatti garuu akka raajii dubbatan nan jaalladha. Namni afaan haaraan dubbatu tokko akka waldaan kiristaanaa ittiin jajjabaattuuf jedhee waan dubbatu sana yoo hiikuu baate isa afaan haaraan dubbatu irra isa raajii dubbatutu caala. \p \v 6 Egaa yaa obboloota, ani yoon mulʼata yookaan beekumsa yookaan raajii yookaan barsiisa tokko tokko isinitti hime malee yoon afaan haaraa qofa dubbachaa gara keessan dhufe maal isin fayyada? \v 7 Kunis meeshaa lubbuu hin qabne kan akka ululleetii fi kiraaraa kanneen sagalee kennan biratti illee akkanuma; ululleen afuufamee yookaan kiraarri rukutamee yoo sagaleen isaa gargar baafame malee namni tokko akkamitti addaan baasee beekuu dandaʼa? \v 8 Yoo sagaleen malakataa addaan baafamee beekame malees eenyutu lolaaf qophaaʼa? \v 9 Isinis akkasuma. Yoo afaan keessaniin dubbii hubatamaa dubbattan malee namni tokko akkamitti waan isin jettan sana beekuu dandaʼa? Qilleensatti dubbachuu keessaniitii. \v 10 Akka afaan gosa garaa garaa addunyaa irra jiran hin shakkamu. Garuu isaan keessaa kan hiikkaa hin qabne tokko iyyuu hin jiru. \v 11 Kanaafuu ani yoon hiikkaa waan namni tokko dubbatuu hubachuu baadhe ani namicha dubbatu sanatti alagaa dha. Namichi dubbatu sunis anatti alagaa dha. \v 12 Isinis akkasuma. Isin waan jabeessitanii kennaawwan Hafuuraa qabaachuu barbaaddaniif, kennaawwan waldaa kiristaanaa cimsan jabeessaatii barbaadaa. \p \v 13 Kanaaf namni afaan haaraan dubbatu tokko akka waan dubbatu sana hiikuu dandaʼuuf kadhachuu qaba. \v 14 Yoo ani afaan haaraan kadhadhe hafuurri koo ni kadhataatii; qalbiin koo garuu hin hirmaatu. \v 15 Yoos ani maalan godha ree? Hafuura kootiin nan kadhadha; qalbii kootiinis nan kadhadha; hafuura kootiin nan faarfadha; qalbii kootiinis nan faarfadha. \v 16 Yoo kanaa achii utuu ati hafuura keetiin Waaqa galateeffachuutti jirtuu, namni iddoo warra hin baratinii taaʼe tokko waan ati dubbattu waan hin beekiniif akkamitti galata ati dhiʼeessitu sanaaf “Ameen” jechuu dandaʼaa? \v 17 Ati dhugumaan sirriitti galateeffata taʼa; namni kaan garuu ittiin hin jajjabeeffamu. \p \v 18 Ani waanan hunduma keessan caalaa afaan haaraan dubbadhuuf Waaqa nan galateeffadha. \v 19 Waldaa kiristaanaa keessatti garuu dubbii kuma kudhan afaan haaraan dubbachuu irra warra kaan barsiisuuf dubbii hubatamaa shan dubbachuu nan barbaada. \p \v 20 Yaa obboloota, akka ijoolleetti yaaduu dhiisaa; waan hamaaf daaʼimman taʼaa; hubannaadhaan garuu nama guddaa taʼaa. \v 21 Seera keessatti akkana jedhamee barreeffameera: \q1 “Ani afaan biraatiin, \q2 afaan alagootaatiinis \q1 saba kanatti nan dubbadha; \q2 isaan garuu yeroo sanatti illee na hin dhagaʼan, \q2 jedha Gooftaan.”\f + \fr 14:21 \fr*\ft \+xt Isa 28:11,12\+xt*\ft*\f* \p \v 22 Kanaafuu afaan haaraan dubbachuun warra hin amaniniif mallattoo taʼa malee warra amananiif miti; raajii dubbachuun garuu warra amananiif malee warra hin amaniniif miti. \v 23 Egaa waldaan amantootaa guutuun walitti qabamee yoo hundi isaanii afaan haaraan dubbatan, yoo namoonni hin baratin yookaan namoonni hin amanne ol seenan isin maraattaniirtu isiniin hin jedhanii? \v 24 Utuu namni hundi raajii dubbachaa jiruu yoo namni hin amanne tokko yookaan namni hin baratin tokko ol seene inni akka cubbamaa taʼe nama hundaan ni amansiifama; nama hundaanis isatti murama; \v 25 icciitiin garaa isaa keessaas ifatti ni baafama. Innis, “Waaqni dhugumaan isin gidduu jira” jedhee dubbachaa addaan lafatti gombifamee Waaqa waaqeffata. \s1 Sirna Gaarii Yeroo Waaqeffannaa \p \v 26 Yaa obboloota, egaa maal jenna ree? Yommuu isin walitti qabamtanitti namni hundi faarfannaa yookaan barsiisa yookaan mulʼata yookaan afaan haaraa yookaan hiikkaa afaan haaraa sanaa qaba. Wanni hundinuu waldaa kiristaanaa cimsuuf hojjetamuu qabu. \v 27 Namni afaan haaraan dubbatu yoo jiraate lama yookaan yoo baayʼate sadii taʼanii dabaree dabareen haa dubbatan; namni tokko immoo haa hiiku. \v 28 Yoo namni hiiku jiraachuu baate garuu namichi dubbatu sun waldaa kiristaanaa keessatti calʼisee ofii isaattii fi Waaqatti haa dubbatu. \p \v 29 Raajonnis lama yookaan sadii taʼanii haa dubbatan; warri kaan immoo waan dubbatamu sana haa madaalan. \v 30 Yoo warra achi taaʼan keessaa isa tokkoof mulʼanni dhufe, namichi duraan dubbachaa ture sun haa calʼisu. \v 31 Namni hundi akka baratuuf, hundinuus akka jajjabeeffamuuf dabaree dabareedhaan raajii dubbachuu ni dandeessuutii. \v 32 Hafuuronni raajotaa raajotaaf ni ajajamu. \v 33 Waaqni akka waldoota qulqullootaa hundumaa keessatti taʼaa jiru kana Waaqa jeequmsaa utuu hin taʼin Waaqa nagaa ti. \p \v 34 Dubartoonni waldaa kiristaanaa keessatti haa calʼisan. Akka seerri jedhutti isaan akka ajajaman malee akka dubbatan hin eeyyamamneefiitii. \v 35 Wanti isaan beekuu barbaadan yoo jiraate manatti dhirsa isaanii haa gaafatan; dubartiin tokko waldaa kiristaanaa keessatti dubbachuun qaaniidhaatii. \p \v 36 Dubbiin Waaqaa isin keessaa argamee? Yookaan isinuma qofa bira gaʼee? \v 37 Eenyu iyyuu yoo raajii yookaan nama Hafuuraa of seʼe akka wanni ani amma isiniif barreessu kun ajaja Gooftaa taʼe haa beeku. \v 38 Namni kam iyyuu yoo waan kana beekuu baate, inni hin beekin. \p \v 39 Kanaaf yaa obboloota ko, raajii dubbachuu jabeessaatii hawwaa; afaan haaraan dubbachuus hin dhowwinaa. \v 40 Wanti hundinuu garuu karaa qajeelaa fi sirna qabeessa taʼeen hojjetamuu qaba. \c 15 \s1 Duʼaa Kaʼuu Kiristoos \p \v 1 Ammas yaa obboloota, ani waaʼee wangeela ani isinitti lallabe, kan isin fudhattanii ittiin dhaabatan sanaa isin yaadachiisuu nan barbaada. \v 2 Isin yoo dubbii ani isinitti lallabe sana jabeessitanii qabattan wangeeluma kanaan ni fayyitu. Yoo kanaa achii akkasumaan amantan jechuu dha. \p \v 3 Anis waanan fudhadhe duraan dursee dabarseen isinitti kenneeraatii; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf jedhee duʼe; \v 4 ni awwaalames; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti guyyaa sadaffaatti duʼaa kaafame. \v 5 Inni duraan dursee Keefaatti, ergasiis warra Kudha Lamaanitti mulʼate. \v 6 Sana booddee yeroo tokkotti obboloota dhibba shanii ol taʼanitti mulʼate; isaan keessaas yoo muraasni boqotan iyyuu hedduun isaanii hamma ammaatti ni jiru. \v 7 Ergasiis Yaaqoobitti, itti aansee ergamoota hundatti mulʼate; \v 8 dhuma irratti immoo ana kan akka gatataatti dhalateetti lakkaaʼamutti mulʼate. \p \v 9 Ani ergamoota hundaa gadi; ergamaa jedhamee waamamuun iyyuu naaf hin malu; ani waldaa kiristaanaa Waaqaa ariʼachaan tureetii. \v 10 Garuu ani ayyaana Waaqaatiin akkuman jiru kana jira; ayyaanni isaa kan naa kennames akkasumaan hin hafne. Ani hunduma isaanii caalaa jabaadhee hojjedheera; kanas utuu ana hin taʼin ayyaana Waaqaa kan na wajjin jirutu hojjete. \v 11 Egaa anas taʼu yookaan isaan, wanni nu lallabnu, wanni isin amantanis kanuma. \s1 Duʼaa Kaʼuu Warra Duʼanii \p \v 12 Kiristoos warra duʼan keessaa akka kaafame erga lallabamee, isin keessaa namoonni tokko tokko akkamitti duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru jechuu dandaʼu ree? \v 13 Erga duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jirre, Kiristoos iyyuu duʼaa hin kaafamne jechuudha kaa! \v 14 Erga Kiristoos duʼaa hin kaafamin immoo lallabni keenya faayidaa hin qabu; amantiin keessanis faayidaa hin qabu. \v 15 Kana malees Waaqni Kiristoosin duʼaa kaaseera jennee waaʼee Waaqaa waan dhugaa baaneef, nu waaʼee Waaqaa dhuga baatota sobaa taanee argamneerra. Garuu erga warri duʼan hin kaafamin inni Kiristoosin hin kaafne jechuu dha. \v 16 Yoo warri duʼan kaafamuu baatan, Kiristoosis duʼaa hin kaafamneetii. \v 17 Erga Kiristoos duʼaa hin kaafamin amantiin keessan faayidaa hin qabu; isinis ammuma iyyuu cubbuu keessa jirtu. \v 18 Yoos warri utuu Kiristoositti jiranuu boqotan baduu isaanii ti. \v 19 Yoo jireenya ammaa qofaaf Kiristoosin abdanne nu warra namni hundi naʼuuf taʼuu keenya. \p \v 20 Amma garuu Kiristoos warra boqotaniif hangafa taʼee dhugumaan warra duʼan keessaa kaafameera. \v 21 Akkuma duuti karaa nama tokkootiin dhufe, akkasuma immoo duʼaa kaʼuun warra duʼanii karaa nama tokkootiin dhufeetii. \v 22 Akkuma hundinuu Addaamiin duʼan, hundinuu Kiristoosiin jiraatoo ni taasifamuutii. \v 23 Kun hundinuus yeroo dabaree isaatti ni taʼa; Kiristoos hangafticha, ergasii immoo yeroo inni deebiʼee dhufutti warra kan Kiristoos taʼan. \v 24 Innis erga bulchiinsa hunda, taayitaa fi humna hunda balleessee booddee, yeroo Waaqa Abbaatti mootummaa dabarsee kennutti dhumni ni taʼa. \v 25 Inni hamma diinota isaa hunda miilla isaa jala galfatutti moʼuu qabaatii. \v 26 Diinni dhumaa kan barbadeeffamuu qabu duʼa. \v 27 Inni, “Waan hunda miilla isaa jala galcheeraatii.”\f + \fr 15:27 \fr*\ft \+xt Far 8:6\+xt*\ft*\f* Garuu “Wanni hundi” isa jala galfameera jechuun akka isa waan hunda isa jala galche sana hin dabalatin beekamaa dha. \v 28 Erga waan kana godhee booddee akka Waaqni waan hundumaan hundumaa taʼuuf Ilmi mataan isaa iyyuu isa waan hundumaa miilla isaa jala galche sanaaf ni bula. \p \v 29 Yoo duʼaa kaʼuun jiraachuu baate namoonni warra duʼaniif jedhanii cuuphaman maal gochuu isaanii ti? Warri duʼanis yoo duʼaa hin kaafamin namoonni maaliif qooda isaanii cuuphamu ree? \v 30 Nu maaliif saʼaatii hunda balaaf of saaxilla? \v 31 Yaa obboloota, ani guyyuma guyyaan akkan duʼu of jajuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin isin irratti qabuun nan kakadha. \v 32 Ani akka namaatti Efesoonitti bineensa wajjin wal loluun koo, erga warri duʼan hin kaafamnee, maal na fayyada? \q1 “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas; \q2 bor ni duunaatii.”\f + \fr 15:32 \fr*\ft \+xt Isa 22:13\+xt*\ft*\f* \m \v 33 Hin gowwoomfaminaa: “Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa.” \v 34 Gara qalbii keessan isa qajeelaatti deebiʼaa; cubbuu hojjechuus dhiisaa; namoonni Waaqa hin beekne tokko tokko isin gidduu jiruutii. Anis isin qaanessuufin waan kana dubbadha. \s1 Dhagna Duʼaa Kaʼuu \p \v 35 Garuu namni tokko, “Warri duʼan akkamitti kaafamu? Dhagna akkamiitiin dhufu?” jedhee ni gaafata taʼa. \v 36 Yaa gowwaa! Wanni ati facaaftu yoo duʼe malee jireenya hin argatu. \v 37 Wanni ati facaaftu sanyiidhuma, jechuunis sanyii qamadii yookaan sanyii midhaan biraati malee dhagna midhaan biqilee guddachuuf jiru sanaa miti. \v 38 Waaqni garuu akkuma fedhetti dhagna isaaf kenna; tokkoo tokkoo gosa sanyiitiifis dhagna mataa isaa kenna. \v 39 Foon hundinuu tokko miti; namni foon gosa tokkoo qaba; horiin foon gosa biraa, simbirroon foon gosa biraa, qurxummiinis foon gosa biraa qabu. \v 40 Akkasuma immoo dhagnawwan samii irraa ni jiru; dhagnawwan lafa irraas ni jiru; garuu ulfinni dhagnawwan samii irraa gosa tokko; ulfinni dhagnawwan lafa irraa immoo gosa biraa ti. \v 41 Aduun ulfina gosa tokkoo qabdi; jiʼis ulfina gosa biraa, urjiiwwanis ulfina gosa biraa qabu; urjiin tokko ulfinaan urjii biraatiin addaatii. \p \v 42 Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis akkasuma. Dhagni facaafamu kan baduu dha; kan hin badne taʼee immoo kaafama. \v 43 Inni salphinaan facaafama; ulfinaan kaafama; dadhabbiin facaafama; humnaan kaafama; \v 44 dhagna fooniitu facaafama; dhagna hafuuraatu kaafama. \p Erga dhagni foonii jiraate, dhagni hafuuraas ni jira. \v 45 Kanaaf, “Addaam namichi jalqabaa lubbuu jiraataa taʼe”\f + \fr 15:45 \fr*\ft \+xt Uma 2:7\+xt*\ft*\f* jedhamee barreeffameera; Addaam inni dhumaa immoo hafuura jireenya kennu taʼe. \v 46 Inni jalqabatti dhufe garuu isa hafuuraa utuu hin taʼin isa foonii ti; inni hafuuraa immoo ergasii dhufe. \v 47 Namichi duraa lafa irraa dhufe; inni kan lafaa ti; namichi lammaffaan immoo samii irraa dhufe. \v 48 Warri kan lafaa taʼan akkuma namicha lafa irraa sanaa ti; warri kan samii taʼan immoo akkuma namicha samii irraa dhufe sanaa ti. \v 49 Nu akkuma bifa namicha lafaa sanaa uffanne, akkasuma immoo bifa namicha samii sanaa ni uffanna. \p \v 50 Yaa obboloota, akka foonii fi dhiigni mootummaa Waaqaa dhaaluu hin dandeenye yookaan akka inni badu isa hin badne dhaaluu hin dandeenye ani isinitti nan hima. \v 51 Kunoo, ani icciitii tokko isinittin hima: Hundi keenya hin duunu; nu hundi garuu ni geeddaramna; \v 52 kunis yeroo malakanni dhumaa afuufamu yeruma sanatti hamma liphsuu ijaatti raawwatama. Malakanni ni afuufamaatii; warri duʼanis kanneen hin badne taʼanii ni kaafamu; nus ni geeddaramna. \v 53 Inni badu kun isa hin badne, inni duʼu kun immoo isa hin duune uffachuu qabaatii. \v 54 Yeroo inni badu isa hin badne uffatee, inni duʼu immoo isa hin duune uffatutti dubbiin akkana jedhamee barreeffame sun ni raawwatama; “Duuti moʼichaan liqimfameera.”\f + \fr 15:54 \fr*\ft \+xt Far 25:8\+xt*\ft*\f* Akkasumas, \q1 \v 55 “Yaa duʼa, moʼichi kee meerre? \q2 Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?”\f + \fr 15:55 \fr*\ft \+xt Hos 13:14\+xt*\ft*\f* \m \v 56 Ilkeen duʼaa cubbuu dha; humni cubbuu immoo seera. \v 57 Waaqa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu! \p \v 58 Kanaafuu yaa obboloota koo jaallatamoo, jabaadhaa dhaabadhaa. Wanni tokko isin hin sochoosin; akka dadhabbiin keessan Gooftaa biratti faayidaa malee hin hafne waan beektaniif yeroo hunda hojii Gooftaatiif guutummaatti of kennaa. \c 16 \s1 Buusii Qulqullootaaf Walitti Qabame \p \v 1 Egaa waaʼee buusii qulqullootaaf walitti qabamuu, isinis akkuma ani waldoota kiristaanaa kanneen Galaatiyaa ajaje sanatti raawwadhaa. \v 2 Akka buusii walitti qabuun yeroo ani dhufutti hin taaneef tokkoon tokkoon keessan akkuma galii keessaniitti torbanuma torbaniin guyyaa jalqabaa waa kophaatti baasaatii kaaʼaa. \v 3 Anis yeroon isin bira dhufutti akka namoonni isin filattan kennaa keessan geessaniif xalayaa ittiin beekaman kenneefii Yerusaalemitti isaan nan erga. \v 4 Yoo dhaquun koo barbaachisaa taʼe immoo isaan na wajjin dhaqu. \s1 Karoora Karaa Phaawulos \p \v 5 Ani waanan Maqedooniyaa keessa darbuuf, yeroon Maqedooniyaa keessa darbutti isin bira nan dhufa. \v 6 Akka isin iddoo ani dhaqu hundatti karaa koo irratti na gargaaruu dandeessaniif tarii yeroo xinnoo isin bira nan tura taʼa; yookaan ganna isin bira nan tura taʼa. \v 7 Yoo Gooftaan jedhe ani waanan yeroo muraasa isin bira turuu abdadhuuf, amma utuun darbuu goree isin arguu hin barbaadu. \v 8 Hamma guyyaa Pheenxeqoosxeetti garuu Efesoon keessa nan tura. \v 9 Balballi guddaanii fi buʼaa qabeessi tokko naa banameeraatii; mormitoonnis baayʼee dha. \p \v 10 Yoo Xiimotewos gara keessan dhufe waan innis akkuma koo hojii Gooftaa hojjetuuf yeroo inni isin bira turutti akka inni waa tokko iyyuu hin sodaanne godhaa. \v 11 Kanaaf namni tokko iyyuu isa hin tuffatin; akka inni gara kootti deebiʼuufis nagaadhaan ergaa; ani obboloota wajjin isa eegaan jiraatii. \p \v 12 Waaʼee obboleessa keenya Apholoos immoo akka inni obboloota kaan wajjin gara keessan dhufuuf ani jabeessee isa kadhadheen ture. Inni garuu amma dhufuuf gonkumaa fedhii hin qabu; yeroo isaaf mijaaʼutti garuu ni dhufa. \p \v 13 Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas. \v 14 Wanni isin hojjettan hundinuu jaalalaan haa taʼu. \p \v 15 Yaa obboloota, akka warri mana Isxiifaanaas jiraatan Akaayaa keessaa warra jalqabatti amanan taʼan isin ni beektu; isaanis qulqulloota tajaajiluuf of kennaniiru. \v 16 Anis akka isin namoota akkasiitiif, warra isaan wajjin hojjetanii fi dadhaban hundaaf ajajamtan isinin kadhadha. \v 17 Isxiifaanaas, Fartunaaxoosii fi Akaayiqos na bira dhufuu isaaniitti ani gammadeera; isaan waan asii dhabamuu keessaniin hirʼate guutaniiruutii. \v 18 Isaan hafuura koo fi hafuura keessan boqochiisaniiruutii. Kanaaf isin namoota akkanaatiif beekamtii kennaa. \b \s1 Dhaamsa Nagaa Xumuraa \p \v 19 Waldoonni kiristaanaa kanneen biyya Asiyaa nagaa isiniif dhaamu. \p Aqiilaa fi Phirisqillaan, waldaan kiristaanaa kan mana isaanii jirtus Gooftaadhaan nagaa guddaa isiniif dhaamu. \p \v 20 Obboloonni hundinuu nagaa isinii dhaamu. \p Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. \b \p \v 21 Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa. \b \p \v 22 Namni Gooftaa hin jaallanne kam iyyuu haa abaaramu. Yaa Gooftaa kottu. \b \p \v 23 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu. \b \p \v 24 Jaalalli koo Kiristoos Yesuusiin hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.