\id 1CH - New Oromo Contemporary Version 2022 (Hiikkaa Ammayyaa Haaraa) \usfm 3.0 \ide UTF-8 \h 1 Seenaa \toc1 Kitaaba Seenaa Tokkoffaa \toc2 1 Seenaa \toc3 1Sn \mt2 Kitaaba \mt1 Seenaa \mt3 Tokkoffaa \c 1 \s1 Sanyii Addaam \s2 Hamma Ilmaan Nohiitti \li1 \v 1 Addaam, Seeti, Enoosh, \li1 \v 2 Qeenaan, Mahalaleel, Yaared, \li1 \v 3 Henook, Matuuselaa, Laameh, \li1 Noh. \b \lf \v 4 Ilmaan Noh: Seem, Haam, Yaafet: \s2 Yaafetoota \r 1:5‑7 kwf – \xt Uma 10:2‑5\xt* \li1 \v 5 Ilmaan Yaafet: \li2 Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan. \li1 \v 6 Ilmaan Goomer: \li2 Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan. \li1 \v 7 Ilmaan Yaawaan: \li2 Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan. \s2 Kaamota \r 1:8‑16 kwf – \xt Uma 10:6‑20\xt* \li1 \v 8 Ilmaan Haam: \li2 Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan. \li1 \v 9 Ilmaan Kuushi: \li2 Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan. \li1 Ilmaan Raʼimaa: \li2 Shebaa fi Dedaan turan. \li1 \v 10 Kuushi abbaa Naamruud; \li2 Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe. \li1 \v 11 Misrayim immoo abbaa \li2 Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa, \v 12 Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti. \li1 \v 13 Kanaʼaan abbaa \li2 Siidoon ilma isaa hangaftichaa akkasumas kan Heetotaa, \v 14 Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa, \v 15 Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa, \v 16 Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture. \s2 Seemota \r 1:17‑23 kwf – \xt Uma 10:21‑31; 11:10‑27\xt* \li1 \v 17 Ilmaan Seem: \li2 Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan. \li1 Ilmaan Arraam: \li2 Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan. \li1 \v 18 Arfaakshad Sheelaa dhalche; \li2 Sheelaan immoo Eeberin dhalche. \li1 \v 19 Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate: \li2 Sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef, maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame. \li1 \v 20 Yooqxaan immoo \li2 Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa, \v 21 Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa, \v 22 Eebaal, Abiimaaʼeel, Shebaa, \v 23 Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti. \b \li1 \v 24 Seem, Arfaakshadi, Sheelaa, \li1 \v 25 Eeberi, Felegi, Reʼuu, \li1 \v 26 Seruugi, Naahoor, Taaraa, \li1 \v 27 akkasumas Abraam kan Abrahaam jedhame sanaa dha. \s1 Maatii Abrahaam \lh \v 28 Ilmaan Abrahaam: Yisihaaqii fi Ishmaaʼeel. \s2 Sanyiiwwan Aggaar \r 1:29‑31 kwf – \xt Uma 25:12‑16\xt* \li1 \v 29 Sanyiiwwan isaanii warra kanneenii dha: \li2 Nabaayooti ilma Ishmaaʼeel hangafticha, Qeedaar, Adbiʼeel, Mibsaami, \v 30 Mishmaa, Duumaa, Maasaa, Hadaad, Teemaa, \v 31 Yexuur, Naafiishii fi Qeedmaa. \lf Isaan kunneen ilmaan Ishmaaʼeel. \s2 Sanyiiwwan Heeturaa \r 1:32‑33 kwf – \xt Uma 25:1‑4\xt* \li1 \v 32 Ilmaan Qexuuraan saajjatoon Abrahaam sun deesse: \li2 Zimraan, Yoqshaan, Medaan, Midiyaan, Yishbaaqii fi Shuwaa. \li1 Ilmaan Yokshaan: \li2 Shebaa fi Dedaan. \li1 \v 33 Ilmaan Midiyaan: \li2 Eefaa, Eefer, Henook, Abiidaa fi Eldaaʼaa. \lf Warri kunneen hundi sanyiiwwan Qexuuraa ti. \s2 Sanyiiwwan Saaraa \r 1:35‑37 kwf – \xt Uma 36:10‑14\xt* \lh \v 34 Abrahaam abbaa Yisihaaq. \li1 Ilmaan Yisihaaq: \li2 Esaawuu fi Israaʼel. \s1 Ilmaan Esaawuu \li1 \v 35 Ilmaan Esaawu: \li2 Eliifaaz, Reʼuuʼeel, Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi. \li1 \v 36 Ilmaan Eliifaaz: \li2 Teemaan, Oomaar, Zefoo, Gaataamii fi Qenaz; \li2 karaa Tiimnaatiin: Amaaleq. \li1 \v 37 Ilmaan Reʼuuʼeel: \li2 Nahaati, Zeraa, Shamaa fi Miizaah. \s2 Namoota Seeʼiir kanneen Edoom keessa Jiraatan \r 1:38‑42 kwf – \xt Uma 36:20‑28\xt* \li1 \v 38 Ilmaan Seeʼiir: \li2 Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa, Diishoon, Eezerii fi Diishaan. \li1 \v 39 Ilmaan Looxaan: \li2 Hoorii fi Hoomaam, Tiimnaa obboleettii Looxaan. \li1 \v 40 Ilmaan Sobaal: \li2 Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami. \li1 Ilmaan Zibeʼoon: \li2 Ayyaa fi Aannaa. \li1 \v 41 Ilmi Aannaa: \li2 Diishoon. \li1 Ilmaan Diishoon: \li2 Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan. \li1 \v 42 Ilmaan Eezeri: \li2 Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan. \li1 Ilmaan Diishaan: \li2 Uuzii fi Araan. \s2 Bulchitoota Edoom \r 1:43‑54 kwf – \xt Uma 36:31‑43\xt* \lh \v 43 Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan: \li1 Belaa ilma Beʼoor kan magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame sana. \li1 \v 44 Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \li1 \v 45 Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \li1 \v 46 Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame. \li1 \v 47 Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \li1 \v 48 Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \li1 \v 49 Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \li1 \v 50 Baʼaal-Haanaan duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture; isheenis intala Maxreed, intala Mee-Zaahaab turte. \v 51 Hadaadis ni duʼe. \b \lh Hangafoota saba Edoom: \li1 Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti, \v 52 Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon, \v 53 Qenaz, Teemaan, Mibzaar, \v 54 Magidiiʼeelii fi Iiraam. \lf Namoonni kunneen hangafoota Edoom turan. \c 2 \s1 Ilmaan Israaʼel \r 2:1‑2 kwf – \xt Uma 35:23‑26\xt* \lh \v 1 Ilmaan Israaʼel warra kanneenii dha: Ruubeen, Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakor, Zebuuloon, \v 2 Daan, Yoosef, Beniyaam, Niftaalem, Gaadii fi Aasheer. \s1 Yihuudaa \r 2:5‑15 kwf – \xt Rut 4:18‑22; Mat 1:3‑6\xt* \s2 Hamma Ilmaan Hezroonitti \li1 \v 3 Ilmaan Yihuudaa: \li2 Eeri, Oonaanii fi Sheelaa. Isaan kanneen sadanuu intala Shuuwaa, dubartii Kanaʼaan sanatu isaaf daʼe. \li2 Eer ilmi Yihuudaa hangaftichi fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti hamaa ture. Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* isa ajjeese. \li2 \v 4 Taamaar niitiin ilma Yihuudaa Faaresii fi Zaaraa Yihuudaaf deesse. \lf Yihuudaan walumaa galatti ilmaan shan qaba ture. \b \li1 \v 5 Ilmaan Faares: \li2 Hezroonii fi Hamuul. \li1 \v 6 Ilmaan Zaaraa: \li2 Zimrii, Eetaan, Heemaan, Kalkoolii fi Daardaa. Isaan walumaa galatti dhiirota shan turan. \li1 \v 7 Ilma Karmii: \li2 Aakaar isa waan balleeffamuu qabu fudhachuudhaan Israaʼelitti rakkina fide. \li1 \v 8 Ilma Eetaan: \li2 Azaariyaa. \li1 \v 9 Ilmaan Hezroon: \li2 Yeramiʼeel, Raamii fi Keluubaa. \s2 Raam ilma Hezroonii jalqabee \li1 \v 10 Raam abbaa Abiinaadaab ture; \li1 Amiinaadaab immoo abbaa Nahishoon hoogganaa saba Yihuudaa ture. \li1 \v 11 Nahishoon abbaa Salmaan; \li1 Salmaan immoo abbaa Boʼeez; \li1 \v 12 Boʼeez abbaa Oobeedi; \li1 Yoobeed immoo abbaa Isseey. \b \li1 \v 13 Ilmaan Isseey: \li2 Ilmi isaa hangafni Eliiyaab, lammaffaan Abiinaadaab, \li2 sadaffaan Shimeʼaa, \v 14 Afuraffaan Naatnaaʼel, \li2 shanaffaan Raadaayi, \v 15 jaʼaffaan Oozem, \li2 torbaffaan Daawit. \li2 \v 16 Obboleettonni isaanii immoo Zeruuyaa fi Abiigayiil turan. \li3 Ilmaan Zeruuyaa sadan Abiishaayi, Yooʼaabii fi Asaaheel turan. \li3 \v 17 Abiigayiil haadha Amaasaa kan abbaan isaa Yeteer nama gosa Ishmaaʼeel sanaa ti. \s2 Kaaleb Ilma Hezroon \li1 \v 18 Kaaleb ilmi Hezroon niitii isaa Azuubaa fi Yeriʼooti irraa ijoollee dhalche. Ilmaan Aazubaa kanneen turan: \li2 Yeeser, Sobaabii fi Ardoon. \li1 \v 19 Kaalebis Azuubaan duunaan Efraataa fuudhe. Isheenis Huurin isaaf deesse. \li2 \v 20 Huuri abbaa Uuri; Uuri immoo abbaa Bezaliʼeel. \b \li1 \v 21 Ergasii Hezroon yommuu umuriin isaa waggaa jaatama guutetti intala abbaa Giliʼaad intala Maakiir fuudhe; isheenis Seguubin isaaf deesse. \li2 \v 22 Seguub immoo abbaa Yaaʼiir ture; innis biyya Giliʼaad keessaa magaalaawwan digdamii sadii qaba ture. \li2 \v 23 Geshuurii fi Arraam, magaalaa Yaaʼiir akkasumas Qeenaatii fi gandoota naannoo ishee jiraniin walitti magaalaawwan jaatama irraa fudhatan. \lf Isaan kunneen hundi sanyii abbaa Giliʼaad sanyii Maakiir turan. \li1 \v 24 Hezroon erga Kaaleb Efraataatti duʼee booddee, niitiin isaa Abiyaan Ashihuur abbaa Teqooʼaa deesseef. \s2 Yerahimiʼeel Ilma Hezroon \li1 \v 25 Ilmaan Yeramiʼeel ilma Hezroon hangafticha sanaa: \li2 Raam ilma isaa hangafticha, Buunaah, Ooren, Oozemii fi Ahiiyaa. \v 26 Yeramiʼeel niitii biraa kan Aaxaaraa jedhamtu qaba ture; isheenis haadha Oonaam turte. \li1 \v 27 Ilmaan Raam ilma Yeramiʼeel hangafticha sanaa: \li2 Maʼaaz, Yaamiinii fi Eeqeer. \li1 \v 28 Ilmaan Oonaam: \li2 Shamaayii fi Yaadaa. \li1 Ilmaan Shamaayi: \li2 Naadaabii fi Abiishur. \v 29 Niitiin Abiishur Abiihaayil jedhamti; isheenis Ahibaanii fi Mooliid isaaf deesse. \li1 \v 30 Ilmaan Naadaab: \li2 Seleedii fi Afayiim. Seleed utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. \li1 \v 31 Ilma Afayiim: \li2 Yisheʼii; Yisheʼiin abbaa Sheeshaan. Sheeshaan immoo abbaa Ahilayi. \li1 \v 32 Ilmaan Yaadaa kan obboleessa Shamaayi: \li2 Yeteerii fi Yoonaataan. Yeteer utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. \li1 \v 33 Ilmaan Yoonaataan: \li2 Pheletii fi Zaazaa. \lf Isaan kunneen sanyiiwwan Yeramiʼeel turan. \b \li1 \v 34 Sheeshaan intallan malee ilmaan hin qabu ture. \li2 Innis tajaajilaa lammii Gibxi kan Yarihaa jedhamu tokko qaba ture. \v 35 Sheeshaan tajaajilaa isaa Yarihaatti intala isaa ni heerumsiise; isheenis Ataayin deesseef. \li1 \v 36 Ataayi abbaa Naataan; \li1 Naataan immoo abbaa Zaabaadin; \li1 \v 37 Zaabaad abbaa Eflaal; \li1 Efelaal immoo abbaa Oobeedi; \li1 \v 38 Oobeedi abbaa Yehuu; \li1 Yehuun abbaa Azaariyaa; \li1 \v 39 Azaariyaa abbaa Heleez; \li1 Helees immoo abbaa Eleʼaasaa ti; \li1 \v 40 Eleʼaasaan abbaa Sismaayi; \li1 Sismaayi abbaa Shaluum; \li1 \v 41 Shaluum abbaa Yeqameyaa ti; \li1 Yeqameyaan immoo abbaa Eliishaamaa ti. \s2 Gosoota Kaaleb \li1 \v 42 Ilmaan Kaaleb obboleessa Yeramiʼeel: \li2 Meeshaan ilmi isaa hangaftichi abbaa Ziif; Ziif abbaa Maareeshaa ti; \li2 Maareeshaan immoo abbaa Kebroon. \li1 \v 43 Ilmaan Kebroon: \li2 Qooraahi, Tafuuʼaa, Reqemii fi Shemaa. \li1 \v 44 Shemaan abbaa Raham; \li2 Raham immoo abbaa Yorqeʼaam. \li1 Reqem abbaa Shamaayi. \li1 \v 45 Shamaayi abbaa Maaʼoon; \li2 Maaʼoon immoo abbaa Beet Zuuri. \li1 \v 46 Eefaan saajjatoon Kaaleb sun haadha \li2 Haaraan, Moozaa fi Gaazeez. \li2 Haaraan immoo abbaa Gaazer. \li1 \v 47 Ilmaan Yaahidaay: \li2 Reegeem, Yootaam, Geeshaan, Phelet, Eefaa fi Shaʼaaf. \li1 \v 48 Maʼakaan saajjatoon Kaaleb sun haadha \li2 Shebeerii fi Tirhaanaa ti. \li2 \v 49 Isheen akkasumas Shaʼaaf abbaa Madmaanaa, \li2 Shewwaa abbaa Makbeenaa fi abbaa Gibeʼaa deesse. \li1 Kaaleb intala Aaksaa jedhamtu qaba ture. \lf \v 50 Isaan kunneen sanyiiwwan Kaaleb turan. \b \li1 Ilmaan Huuri ilma Efraataa hangaftichaa: \li2 Sobaal abbaa Kiriyaati Yeʼaariim, \v 51 Salmaan abbaa Beetlihem, Haareef abbaa Beet Gaadeer. \li1 \v 52 Sanyiiwwan Sobaal kan abbaa Kiriyaati Yeʼaariim: \li2 Walakkaan Menuhootaa, Haarooʼee, \v 53 akkasumas gosti Kiriyaati Yeʼaariim, Yitraawonni, Fuutonni, Shumaatonni, Mishiraawonni, Zoraatotaa fi Eshitaaʼoloonni gosoota isaan kanneen keessaa dhalatanii dha. \li1 \v 54 Sanyiiwwan Salmaan: \li2 Beetlihem, Netoofota, Atroot Beet Yooʼaab, walakkaa Maanaheetotaa, Zoraatota faʼi; \v 55 balbala barreessitootaa kanneen Yaabeex keessa jiraatan: Tiraatota, Shimeʼaatotaa fi Sukaatota. Isaan kunneen Qeenota mana abbaa Rekaab Hamaati keessaa dhalatanii dha. \c 3 \s2 Ilmaan Daawit \r 3:1‑4 kwf – \xt 2Sm 3:2‑5\xt* \r 3:5‑8 kwf – \xt 2Sm 5:14‑16; 1Sn 14:4‑7\xt* \lh \v 1 Isaan kunneen ilmaan Daawit Kebroonitti dhalchee dha: \b \li1 Ilmi isaa hangafni Amnoon kan Ahiinooʼam dubartiin Yizriʼeel deessee dha; \li1 inni lammaffaan immoo Daaniʼel kan Abiigayiil dubartiin Qarmeloos deessee dha; \li1 \v 2 sadaffaan Abesaaloom isa Maʼakaan intalli Talmaay mooticha Geshuur deessee dha; \li1 afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit; \li1 \v 3 shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal; \li1 jaʼaffaan Yitreʼaam kan inni niitii isaa Eglaa irraa dhalchee dha. \b \lf \v 4 Isaan jaʼaan kunneen warra yeroo Daawit Kebroonitti waggaa torbaa fi walakkaa mootii turetti isaaf dhalatanii dha. \b \b \lh Daawit Yerusaalemitti waggaa soddomii sadii mootii taʼee bulche; \v 5 ijoolleen achitti isaaf dhalatanis kanneenii dha: \b \li1 Shimeʼaa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon. Ilmaan afran kunneen Batisheebaa intala Amiiʼeel irraa dhalatan. \li1 \v 6 Akkasumas ilmaan biraa qaba ture; isaanis: Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi, \v 7 Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa, \v 8 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi; isaanis walumatti ilmaan sagal turan. \b \lf \v 9 Ilmaan saajjatoowwan isaa irraa dhalataniin alatti isaan kunneen ilmaan Daawit turan. Taamaar immoo obboleettii isaanii turte. \s2 Mootota Yihuudaa \li1 \v 10 Ilmi Solomoon Rehooboʼaam; \li1 ilmi Rehooboʼaam Abiyaa dha; \li1 ilmi Abiyaa Aasaa dha; \li1 ilmi Aasaa Yehooshaafaax; \li1 \v 11 ilmi Yehooshaafaax Yehooraam; \li1 ilmi Yooraam Ahaaziyaa; \li1 ilmi Ahaaziyaa Yooʼaash; \li1 \v 12 ilmi Yooʼaash Amasiyaa; \li1 ilmi Amasiyaa Azaariyaa; \li1 ilmi Azaariyaa Yootaam; \li1 \v 13 ilmi Yootaam Aahaaz; \li1 ilmi Aahaaz Hisqiyaas; \li1 ilmi Hisqiyaas Minaasee dha; \li1 \v 14 ilmi Minaasee Aamoon; \li1 ilmi isaa immoo Yosiyaas. \li1 \v 15 Ilmaan Yosiyaas: \li2 Inni hangafni Yoohaanaan, \li2 lammaffaan Yehooyaaqiim, \li2 sadaffaan Zedeqiyaa, \li2 afuraffaan immoo Shaluum. \li1 \v 16 Ilmaan Yehooyaaqiim: \li2 Ilma isaa Yehooyaakiinii fi \li2 ilma isaa Zedeqiyaa. \s2 Hidda Dhaloota Moototaa Kan Boojuu booddee ture \li1 \v 17 Ilmaan Yehooyaakiin isa boojiʼame sanaa: \li2 Ilma isaa Sheʼaltiiʼeel, \v 18 Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaaxaar, Yeqameyaa, Hooshaamaa fi Nedaabiyaa. \li1 \v 19 Ilmaan Phedaayaa: \li2 Zarubaabelii fi Shimeʼii. \li1 Ilmaan Zarubaabel: \li2 Meshulaamii fi Hanaaniyaa. Obboleettiin isaanii immoo Sheloomiit jedhamti. \v 20 Akkasumas ijoollee gara biraa shanitu ture; isaanis: Hashubaa, Oohel, Berekiyaa, Hasadiyaa fi Yooshab-Heseed. \li1 \v 21 Ilmaan Hanaaniyaa: \li2 Phelaatiyaa fi Yeshaayaa; akkasumas ilmaan Refaayaa, ilmaan Arnaan, ilmaan Obaadiyaatii fi ilmaan Shekaaniyaa. \li1 \v 22 Ilmaan Shekaaniyaa: \li2 Shemaaʼiyaa fi ilmaan isaa: Haxuush, Yigiʼaal, Baariiyaah, Naʼaariyaa fi Shaafaax; isaan walumatti jaʼa turan. \li1 \v 23 Ilmaan Naʼaariyaa: \li2 Eliiyooʼeenayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan walumatti sadii turan. \li1 \v 24 Ilmaan Eliiyooʼeenayi: \li2 Hoodayiwaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yoohaanaan, Delaayaa fi Anaanii; isaan walumatti torba turan. \c 4 \s2 Balbalawwan Yihuudaa Kanneen Biraa \li1 \v 1 Ilmaan Yihuudaa: \li2 Faares, Hezroon, Karmii, Huurii fi Sobaal. \li1 \v 2 Reʼaayaan ilmi Sobaal abbaa Yahaatiiti; Yahaati immoo abbaa Ahuumaayii fi Laahadii ti. Isaan kunneen balbalawwan Zoraatotaa ti. \li1 \v 3 Ilmaan Eexaam kanneenii dha: \li2 Yizriʼeel, Yishmaa fi Yidbaashi. Obboleettiin isaanii immoo Hazelelphoonii jedhamti. \v 4 Phenuuʼeel abbaa Gedoor; Eezer immoo abbaa Huushaam. \li1 Isaan kunneen sanyii Huuri ilma Efraataa hangaftichaatii fi abbaa Beetlihem sanaa ti. \li1 \v 5 Ashihuur abbaan Teqooʼaa niitota lama kanneen Heelaa fi Naʼaraa jedhaman qaba ture. \li1 \v 6 Naʼaraan ilmaan Ahuzaam, Heefer, Teemenii fi Haaʼahashitaar jedhaman deesseef. Ilmaan Naʼaraa isaan kanneen turan. \li1 \v 7 Ilmaan Heelaa: \li2 Zeret, Zooharii fi Etnaan; \v 8 Qoosi abbaa Anuub, abbaa Hazobeebaa fi abbaa balbalawwan Ahariheel ilma Haaruumiti. \b \p \v 9 Yaabeex nama obboloota isaa caalaa ulfina qabu ture; haatii isaa, “Ani dhiphinaanan isa daʼe” jettee Yaabeex jettee isa moggaafte. \v 10 Yaabeex immoo akkana jedhee Waaqa Israaʼelitti iyyate; “Ati na eebbisi; biyya koos naaf balʼisi! Akka ani hin miidhamnee fi akka ani dhiphina jalaa baʼuuf harki kee na wajjin haa jiraatu.” Waaqnis waan inni kadhate sana ni kenneef. \b \li1 \v 11 Kiluub obboleessi Shuhaa abbaa Mihiirii ti; Mehiir immoo abbaa Eshitooniti. \v 12 Eshitoonis abbaa Beet Raafaan, abbaa Faasehaa fi Tehiinaa ti; Tahiinaan immoo abbaa Iir Naahaashii ti. Isaan kunneen namoota Reekaa ti. \b \li1 \v 13 Ilmaan Qenaz: \li2 Otniiʼeelii fi Seraayaa. \li1 Ilmaan Otniiʼeel: \li2 Hataatii fi Maʼoonotaayi. \v 14 Meʼoonotaayi abbaa Ofraa ti. \li1 Seraayaan abbaa Yooʼaabii ti; Yooʼaab immoo abbaa Gee Haraashiimii ti. \li2 Maqaan kun sababii isaan ogummaa hojii harkaa qabaniif kennameef. \li1 \v 15 Ilmaan Kaaleb ilma Yefunee: \li2 Iiruu, Eelaa fi Naʼaam. \li1 Ilmi Eelaa: \li2 Qenaz. \li1 \v 16 Ilmaan Yehaleliʼeel: \li2 Ziifii, Ziifaa, Tiiriyaa fi Asareel. \li1 \v 17 Ilmaan Izraa: \li2 Yeteer, Mered, Eeferii fi Yaaloon. \li1 Niitota Mered keessaa isheen tokko Miiriyaam, Shamaayii fi Yishibaa abbaa Eshtimoʼaa sana deesse. \v 18 Niitiin isaa dubartiin Yihuudaa sunis Yaared abbaa Gedoor, Hebeer abbaa Sookooniitii fi Yequutiiʼeel abbaa Zaanoʼaa deesse. \li1 Isaan kunneen ijoollee Bitiyaa intala Faraʼoon kan Mered fuudhe sanaa ti. \li1 \v 19 Ilmaan niitiin Hoodiyaa obboleettiin Naham sun deesse: \li2 Abbaa Qeyiilaa namicha Garmii sanaatii fi Eshtimoʼaa namicha Maʼakaa ti. \li1 \v 20 Ilmaan Simiʼoon: \li2 Amnoon, Riinaa, Ben-Haanaanii fi Tiiloon. \li1 Ilmaan Yishiʼii: \li2 Zoheetii fi Ben-Zoheetii ti. \li1 \v 21 Ilmaan Sheelaa ilma Yihuudaa: \li2 Eer abbaa Leekaa, Laʼadaa abbaa Maareeshaatii fi balbalawwan Beet Ashibeeʼaatti warra wayyaa quncee talbaa haphii hojjetanii. \li2 \v 22 Yooqiim, namoota Koozeebaa, Yooʼaashii fi Saaraaf isa Moʼaabii fi Yaashubiileheem bulchu. Barreeffamni kunneenis kan bara durii ti. \v 23 Isaanis suphee dhooftuu Nexaayiimii fi Gedeeraa keessa jiraatan turan; jarri kun mootichaaf hojjechaa achi jiraatu ture. \s1 Simiʼoon \r 4:28‑33 kwf – \xt Iya 19:2‑10\xt* \li1 \v 24 Ilmaan Simiʼoon: \li2 Nemuuʼeel, Yaamiin, Yaariib, Zeraa fi Shaawul; \li2 \v 25 Shaluum ilma Saaʼuul ture; Mibsaam ilma Shaluumiti; Mishmaa immoo ilma Mabsaamiti. \li1 \v 26 Ilmaan Mishmaa: \li2 Ilma isaa Hamuuʼeel, ilma isaa Zakuurii fi ilma isaa Shimeʼii. \b \p \v 27 Shimeʼiin ilmaan kudha jaʼaa fi intallan jaʼa qaba ture; obboloonni isaa garuu ijoollee hedduu hin qaban ture; sababii kanaaf balbalawwan isaanii hundinuu akka gosa Yihuudaa baayʼee hin turre. \v 28 Isaanis Bersheebaa, Molaadaa, Hazar Shuuʼaal, \v 29 Bilihaa, Ezem, Toolaad, \v 30 Betuuʼeel, Hormaa, Siiqlaag, \v 31 Beet Markaabot, Hazar Susiim, Beet Biirii fi Shaʼarayiim keessa jiraatan. Magaalaawwan kunneen hamma bara mootummaa Daawitiitti magaalaawwan isaanii turan. \v 32 Akkasumas gandoota Eexaam, Ayin, Reemoon, Tookkenii fi Ashaan jechuunis magaalaa shananii fi \v 33 gandoota naannoo isaaniitti argaman hunda keessa hamma Baʼaaliitti jiraatu ture. \b \lh Kunneen iddoo isaan jiraatanii dha. Isaanis galmee hidda dhaloota isaanii kaawwatanii jiran. \b \li1 \v 34 Meshoobaab, Yamleek, \li1 Yooshaa ilma Amasiyaa, \v 35 Yooʼeel, \li1 Yehuu ilma Yooshibiyaa, ilma Seraayaa, ilma Asiiʼeel, \li1 \v 36 akkasumas Eliiyooʼeenayi, Yaaʼiqoobaa, Yashoohayaa, \li1 Asaayaa, Aadiiʼeel, Yesiimiʼeel, Benaayaa, \li1 \v 37 Ziizaa ilma Shiifii, ilma Aloon, ilma Yedaayaa, ilma Shimrii, ilma Shemaaʼiyaa. \b \lf \v 38 Namoonni maqaan isaanii kanaa olitti himame kunneen hooggantoota balbala isaanii turan. \b \p Baayʼinni maatii isaaniis akka malee dabalaa dhufe; \v 39 isaanis bushaayee isaaniitiif lafa dheedaa barbaacha hamma moggaa Gedoor kan gama baʼa sululaa jiru sanaatti deeman. \v 40 Isaanis naannoo sanatti lafa dheedaa gabbataa fi gaarii argatan; lafni sunis balʼaa, kan nagaa fi tasgabbii qabu ture. Bara durii gosoonni Haamii naannoo sana jiraachaa turan. \p \v 41 Namoonni maqaan isaanii dhaʼame kunneen bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa dhufan. Isaan akkuma hamma harʼaatti illee mulʼatu qubata Kaamotaatii fi Meʼuunoota achi jiraachaa turanii dhaʼanii guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Ergasiis sababii lafa dheedaa balʼaa bushaayee isaaniitiif argataniif lafa jaraa irra ni qubatan. \v 42 Simiʼoonota kanneen keessaa namoonni dhibba shan ilmaan Yishiʼii Phelaatiyaa, Naʼaariyaa, Refaayaa fi Uziiʼeel hoogganamanii biyya gaaraa Seeʼiir weeraran. \v 43 Isaanis Amaaleqoota miliqanii hafan balleessanii hamma harʼaatti achuma jiraatan. \c 5 \s1 Ruubeen \lh \v 1 Ruubeen Israaʼeliif ilma hangafa ture; taʼus sababii inni siree abbaa isaa xureesseef mirgi hangafummaa isaa ilmaan Yoosef ilma Israaʼel sanaatiif kenname. Kanaafuu inni akka mirga isaa kan dhalootaan argamuutti hidda dhalootaa keessatti hin galmeeffamne; \v 2 Yihuudaan obboloota isaa keessa nama jabaa fi kan mootummaan isa keessaa baʼe taʼu illee mirgi hangafummaa kan Yoosefii ti. \v 3 Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: \b \li2 Henooki, Faluusoo, Hezroonii fi Karmii. \li1 \v 4 Ilmaan Yooʼeel: \li2 Shemaaʼiyaa ilma isaa, Googi ilma isaa, \li2 Shimeʼii ilma isaa, \v 5 Miikaa ilma isaa, \li2 Reʼaayaa ilma isaa, Baʼaal ilma isaatii fi \li2 \v 6 Biʼeeraa ilma isaa kan mootiin Asoor Tiiglaat-Philneeser boojiʼee fudhatee dha. Beʼeeraan hoogganaa gosa Ruubeen ture. \li1 \v 7 Firoonni isaanii warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti balbala balbalaan galmeeffaman kanneenii dha: \li2 Yeʼiiʼeel hangafticha, Zakkaariyaas, \v 8 Beelaa ilma Aazaazi, ilma Shemaa, ilma Yooʼeel. \b \p Isaanis naannoo Aroʼeeri jalqabee hamma Neboo fi Baʼaal Meʼooniitti jiru keessa qubatan. \v 9 Isaanis sababii horiin isaanii Giliʼaadi keessatti baayʼateef karaa baʼa biiftuutiin hamma daarii gammoojjii kan gara laga Efraaxiisitti balʼatu sanaatti biyyattii qabatan. \p \v 10 Isaan jabana Saaʼol keessa Aggaariitti waraana kaasan; jarris harka isaaniitti moʼataman; isaanis iddoo jireenyaa warra Aggaar kan Giliʼaadiin gama baʼa biiftuu jiru guutumaan guutuutti qabatan. \s1 Gaad \lh \v 11 Gosoonni Gaad isaanitti aananii Baashaan keessa lafa hamma Salkaatti argamu irra jiraatan; isaanis: \b \li1 \v 12 Yooʼeel hangaftichi, Shaafaam itti aanaan isaa, Yaʼinayii fi Shaafaax Baashaan keessa jiraatan. \li1 \v 13 Firoonni isaanii maatii maatiidhaan kanneenii dha: \li2 Miikaaʼel, Meshulaam, Shebaa, Yooraay, Yaakaan, Ziiʼaa fi Eeber; walumaa galatti torba turan. \li2 \v 14 Isaan kunneen immoo ilmaan Abiihaayil ilma Huuri, ilma Yaarokaa, ilma Giliʼaad, ilma Miikaaʼel, ilma Yeshiishaayi, ilma Yakedoo, ilma Buuzii ti. \li2 \v 15 Ahiin ilmi Abdiʼeel, hangafa maatii isaanii ture; Abdiʼeel immoo ilma Guunii ti. \b \p \v 16 Warri Gaad Giliʼaad keessa, Baashaanii fi gandoota daarii isheetti argaman, akkasumas lafa tikaa kan Shaaroon keessatti argaman hundaa fi qarqara isaa jiraatan. \p \v 17 Isaan kunneen hundi jabana Yootaam mootii Yihuudaa turee fi jabana Yerobiʼaam mootii Israaʼel ture keessa galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffaman. \b \p \v 18 Ruubeenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee namoota dandeettii lolaa qaban 44,760 qaban ture; isaanis namoota jajjaboo warra gaachanaa fi goraadee qabachuu dandaʼan, warra xiyya darbachuu dandaʼanii fi warra waraanaaf leenjifaman turan. \v 19 Jarri kunis warra Aggaariitti, warra Yexuuritti, Naafiishiittii fi Noodaabiitti waraana ni banan. \v 20 Sababii isaan waraana sana irratti gara Waaqaatti iyyatanii turaniif Waaqni isaan gargaaree warra Aggaariitii fi garee isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne. Innis sababii isaan isa amanataniif kadhannaa isaaniitiif deebii kenne. \v 21 Isaanis horii warra Aggaar gaala kuma shan, hoolaa kuma dhibba lamaa fi shantamaa fi harree kuma lama saaman. Akkasumas nama kuma dhibba tokkoo boojiʼan; \v 22 sababii lolli sun kan Waaqaa tureef namoonni biraa baayʼeen ni ajjeefaman. Isaanis hamma bara boojuutti biyya sana keessa ni jiraatan. \s1 Walakkaa Gosa Minaasee \p \v 23 Walakkaan gosa Minaasee baayʼee turan; isaanis Baashaanii jalqabanii hamma Baʼaal Hermooniitti, hamma Seniir Tulluu Hermoonitti biyya sana keessa qubatan. \p \v 24 Isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti: Eefer, Yishiʼii, Eliiʼeel, Azriiʼeel, Ermiyaas, Hoodayiwaa fi Yadiiʼeel. Isaan kunneen loltoota gootota, namoota bebbeekamoo fi hangafoota maatii isaanii ti. \v 25 Isaan garuu Waaqa abbootii isaaniitiif amanamuu didanii waaqota saboota biyyattii wajjin sagaagalan; saboonni kunneenis warra Waaqni fuula isaanii duraa balleessee dha. \v 26 Kanaafuu Waaqni Israaʼel hafuura Fohaa mooticha Asoor jechuunis hafuura Phuuli kakaasee akka inni gosoota Ruubeen, kan Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee boojiʼu godhe. Innis warra kanneen gara Halaa, Haaboor, Haaraatii fi gara qarqara laga Goozaaniitti geesse; isaanis hamma harʼaatti achuma jiraatan. \c 6 \s1 Lewwii \li1 \v 1 Ilmaan Lewwii: \li2 Geershoon, Qohaatii fi Meraar. \li1 \v 2 Ilmaan Qohaati: \li2 Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel. \li1 \v 3 Ijoolleen Amraam: \li2 Aroon, Musee fi Miiriyaam. \li1 Ilmaan Aroon: \li2 Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar. \li2 \v 4 Eleʼaazaar abbaa Fiinehaas; \li2 Fiinehaas immoo abbaa Abiishuuwaa ti; \li2 \v 5 Abiishuuwaan abbaa Buukii ti; \li2 Bukiin immoo abbaa Uzii ti; \li2 \v 6 Uzii abbaa Zeraayaa ti; \li2 Zaraaʼiyaan abbaa Meraayootii ti; \li2 \v 7 Meraayoot abbaa Amariyaa ti; \li2 Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti; \li2 \v 8 Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti; \li2 Zaadoq abbaa Ahiimaʼazii ti; \li2 \v 9 Ahiimaʼaz abbaa Azaariyaa ti; \li2 Azaariyaa abbaa Yoohaanaanii ti; \li2 \v 10 Yoohaanaan abbaa Azaariyaa ti; \li2 inni luba taʼee mana qulqullummaa kan Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa tajaajilaa ture. \li2 \v 11 Azaariyaa abbaa Amariyaa ti; \li2 Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti; \li2 \v 12 Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti; \li2 Zaadoq abbaa Shaluumii ti; \li2 \v 13 Shaluum abbaa Hilqiyaa ti; \li2 Hilqiyaa abbaa Azaariyaa ti; \li2 \v 14 Azaariyaa abbaa Seraayaa ti; \li2 Seraayaan abbaa Yehoozaadaaqii ti. \li2 \v 15 Yeroo \nd Waaqayyo\nd* akka sabni Yihuudaatii fi Yerusaalem Nebukadnezariin boojiʼamu godhetti Yehoozaadaaqis boojiʼamee fudhatame. \b \li1 \v 16 Ilmaan Lewwii: \li2 Geershoom, Qohaatii fi Meraarii. \li1 \v 17 Maqaan Ilmaan Geershoom kanaa dha: \li2 Loobeenii fi Shimeʼii. \li1 \v 18 Ilmaan Qohaati: \li2 Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel. \li1 \v 19 Ilmaan Meraarii: \li2 Mahilii fi Muusii. \b \lh Isaan kunneen Lewwota balbala balbala abbootii isaaniitiin lakkaaʼamanii dha: \li1 \v 20 Balbala Geershoom keessaa: \li2 Ilma isaa Loobeen, ilma isaa Yahaati, \li2 ilma isaa Zimaati, \v 21 ilma isaa Yooʼaa, \li2 ilma isaa Iddoo, ilma isaa Zeraa fi \li2 ilma isaa Yeʼaateraayi. \li1 \v 22 Ilmaan Qohaati: \li2 Ilma isaa Amiinaadaab, ilma isaa Qooraahi, \li2 ilma isaa Asiir, \v 23 ilma isaa Elqaanaa, \li2 ilma isaa Ebiyaasaaf, ilma isaa Asiir, \li2 \v 24 ilma isaa Tahaat, ilma isaa Uuriiʼeel, \li2 ilma isaa Uziyaa fi ilma isaa Shaawul. \li1 \v 25 Ilmaan Elqaanaa: \li2 Amaasaayi, Ahiimooti, \li2 \v 26 ilma isaa Elqaanaa, ilma isaa Zoofayi, \li2 ilma isaa Naahat, \v 27 ilma isaa Eliiyaab, \li2 ilma isaa Yeroohaam, ilma isaa Elqaanaa fi \li2 ilma isaa Saamuʼeel. \li1 \v 28 Ilmaan Saamuʼeel: \li2 Ilma isaa Yooʼeel hangaftichaa fi \li2 ilma isaa lammaffaa Abiyaa. \li1 \v 29 Ilmaan Meraarii: \li2 Mahilii, ilma isaa Loobeen, \li2 ilma isaa Shimeʼii, ilma isaa Uzaa, \li2 \v 30 ilma isaa Shimeʼaa, ilma isaa Hagiyaa fi \li2 ilma isaa Asaayaa. \s2 Faarfattoota Mana Qulqullummaa \r 6:54‑80 kwf – \xt Iya 21:4‑39\xt* \p \v 31 Namoonni erga taabonni dhufee achi boqotee booddee Daawit akka isaan faarfannaadhaan mana \nd Waaqayyoo\nd* keessa tajaajilaniif muude kanneenii dha. \v 32 Isaanis hamma Solomoon Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* ijaaretti dunkaana qulqulluu, dunkaana wal gaʼii duratti faarfannaadhaan tajaajilaa turan. Isaanis akkuma seera isaaniif kenname sanaatti hojii isaanii hojjechaa turan. \b \lh \v 33 Maqaan namoota ilmaan isaanii wajjin tajaajilanii kanneenii dha: \b \li1 Ilmaan Qohaatotaa keessaa: \li2 Heemaan Faarfataa, \li2 ilma Yooʼeel, ilma Saamuʼeel, \li2 \v 34 ilma Elqaanaa, ilma Yeroohaam, \li2 ilma Eliiʼeel, ilma Tooʼaa, \li2 \v 35 ilma Zuufi, ilma Elqaanaa, \li2 ilma Mahat, ilma Amaasaayi, \li2 \v 36 ilma Elqaanaa, ilma Yooʼeel, \li2 ilma Azaariyaa, ilma Sefaaniyaa, \li2 \v 37 ilma Tahaat, ilma Asiir, \li2 ilma Ebiyaasaaf, ilma Qooraahi, \li2 \v 38 ilma Yizihaar, ilma Qohaati, \li2 ilma Lewwii, ilma Israaʼel; \li1 \v 39 akkasumas Asaaf obboleessi Heemaan karaa mirgaatiin dhaabata ture: \li2 Asaaf ilma Berekiyaa, ilma Shimeʼaa, \li2 \v 40 ilma Miikaaʼel, ilma Baʼaseeyaa, \li2 ilma Malkiyaa, \v 41 ilma Etnii, \li2 ilma Zeraa, ilma Adaayaa, \li2 \v 42 ilma Eetaan, ilma Zimaa, \li2 ilma Shimeʼii, \v 43 ilma Yahaati, \li2 ilma Geershoom, ilma Lewwii; \li1 \v 44 karaa bitaa isaatiin immoo warri isaan wajjin turan gosa Meraarii keessaa: \li2 Eetaan ilma Qiisaa, ilma Abdii, \li2 ilma Maluuk, \v 45 ilma Hashabiyaa, \li2 ilma Amasiyaa, ilma Hilqiyaa, \li2 \v 46 ilma Amzii, ilma Baanii, \li2 ilma Shemeer, \v 47 ilma Mahilii, \li2 ilma Muusii, ilma Meraarii, \li2 ilma Lewwii. \b \p \v 48 Obboloonni isaanii Lewwonni akka hojii dunkaana qulqulluu mana Waaqaa hunda hojjetaniif ramadamanii turan. \v 49 Aroonii fi ilmaan isaa garuu akkuma waan Museen garbichi Waaqaa sun ajajee ture hundaatti hojii Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatiif, sababii Israaʼeliitiifis araara buusuudhaaf iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutii fi iddoo aarsaa ixaanaa irratti aarsaawwan dhiʼeessaa turan. \b \li1 \v 50 Ilmaan Aroon kanneenii dha: \li2 Ilma isaa Eleʼaazaar, ilma isaa Fiinehaas, \li2 ilma isaa Abiishuuwaa, \v 51 ilma isaa Bukii, \li2 ilma isaa Uzii, ilma isaa Zeraayaa, \li2 \v 52 ilma isaa Meraayoot, ilma isaa Amariyaa, \li2 ilma isaa Ahiixuub, \v 53 ilma isaa Zaadoqii fi \li2 ilma isaa Ahiimaʼaz. \b \lh \v 54 Sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef iddoowwan kunneen Aroonii fi ilmaan isaa kanneen balbala Qohaati keessaa dhufaniif ni kennaman; iddoowwan qubata isaanii kanneen akka biyya isaanii taʼaniif isaaniif ramadamanii dha: \li1 \v 55 Kebroon isheen biyya Yihuudaa keessaatii fi lafti dheedaa kan naannoo isheetti argamtu isaaniif ni kennaman. \v 56 Lafti qotiisaatii fi gandoonni naannoo Kebrooniitti argaman garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif ni kennaman. \v 57 Ilmaan Arooniif immoo magaalaawwan itti baqatan Kebroon, Libnaa, Yatiir, Eshtimoʼaa, \v 58 Hiileen, Debiir, \v 59 Ashaan, Yootaa fi Beet Shemeshitu lafa dheeda isaanii wajjin kenname. \li1 \v 60 Qooda gosa Beniyaam keessaa immoo Gibeʼoon, Gebaa, Alemetii fi Anaatootittu lafa dheeda isaanii wajjin ni kennameef. \lf Magaalaawwan balbalawwan Qohaatotaatiif kennaman kunneen walumaa galatti kudha sadii turan. \b \li1 \v 61 Ilmaan Qohaati kanneen hafaniif immoo balbala walakkaa gosa Minaasee irraa magaalaawwan kudhanitu ixaadhaan kennameef. \li1 \v 62 Ilmaan Geershoomiitiif immoo qooda Yisaakor irraa, qooda Aasheer irraa, qooda Niftaalemiitii fi qooda Minaasee kan Baashaanitti argamu irraa magaalaawwan kudha sadii akkuma gosa gosa isaaniitti kennaman. \li1 \v 63 Ilmaan Meraariitiif qooda gosa Ruubeen irraa, qooda gosa Gaadiitii fi qooda gosa Zebuuloon irraa magaalaawwan kudha lama akkuma balbala balbala isaaniitti ni kennaman. \b \lf \v 64 Akkasiin Israaʼeloonni magaalaawwan kanneen lafa dheeda isaanii wajjin Lewwotaaf ni kennan. \b \li1 \v 65 Gosa Yihuudaa irraa, gosa Simiʼooniitii fi gosa Beniyaam irraa magaalaawwan maqaan isaanii armaan olitti dhaʼame sana ixaadhaan ni kennaniif. \b \lh \v 66 Maatiiwwan Qohaati tokko tokkos qooda gosa Efreem keessaa magaalaawwan jireenyaa argatanii turan. \li1 \v 67 Biyya gaaraa Efreem keessatti magaalaawwan itti baqatan Sheekem, Geezir, \v 68 Yoqemiʼaam, Beet Horoon, \v 69 Ayaaloonii fi Gat Rimoon lafa dheeda isaanii wajjin kennaniif. \li1 \v 70 Akkasumas Israaʼeloonni walakkaa qooda gosa Minaasee irraa Aanerii fi Bileʼaam lafa dheeda isaanii wajjin balbalawwan Qohaati kanneen hafaniif ni kennan. \b \lh \v 71 Ilmaan Geershoom immoo: \li1 Balbala walakkaa gosa Minaasee irraa Goolaan ishee Baashaan keessaa sanaa fi Ashtaaroti lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan; \li1 \v 72 gosa Yisaakor irraa \li2 Qaadesh, Daaberaati, \v 73 Raamootii fi Aanem lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan; \li1 \v 74 gosa Aasheer irraa Maashaal, Abdoon, \v 75 Huuqooqii fi Rehoob lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan; \li1 \v 76 gosa Niftaalem irraa immoo Qaadesh ishee Galiilaatti argamtu, Hamoonii fi Kiriyaataayimin lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan. \b \lh \v 77 Namoonni gosa Meraarii jechuunis warri Lewwotaa kanneen hafan qooda kanaa gadii argatan: \li1 Gosa Zebuuloon irraa Yooqniʼaam, Qartaa, Rimoonii fi Taaboorin lafa dheeda isaanii wajjin argatan; \li1 \v 78 gosa Ruubeen kan baʼa Yerikootti Yordaanosiin gama jiru irraa Bezer ishee gammoojjii keessatti argamtu, Yaahizaa, \v 79 Qidemootii fi Meefiʼaati lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan. \li1 \v 80 Gosa Gaad irraa Raamooti ishee Giliʼaad keessaa, Mahanayiim, \v 81 Heshboonii fi Yaʼizeer lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan. \c 7 \s1 Yisaakor \li1 \v 1 Ilmaan Yisaakor: \li2 Toolaa, Phuwaa, Yaashuubii fi Shimroon; walumatti nama afur turan. \li1 \v 2 Ilmaan Toolaa: \li2 Uzii, Refaayaa, Yiriiʼeel, Yaahimaayi, Yibsaamii fi Shemuuʼeel; isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti. Bara mootummaa Daawit keessa ilmaan Toolaa warri hidda dhaloota isaaniitiin akka loltoota jajjabootti galmeeffaman nama 22,600 turan. \li1 \v 3 Ilma Uzii: \li2 Yizrahiyaa. \li1 Ilmaan Yizrahiyaa: \li2 Miikaaʼel, Obaadiyaa, Yooʼeelii fi Yishiyaa. Shanan isaanii iyyuu hangafoota turan. \v 4 Isaanis waan niitotaa fi ijoollee hedduu qabaataniif akka hidda dhaloota maatii isaaniitti namoota lolaaf qophaaʼan 36,000 qabu ture. \lf \v 5 Firoonni loltoota jajjaboo turan kanneen balbalawwan Yisaakorii keessaa dhalatan warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffaman walumatti nama 87,000: \s1 Beniyaam \li1 \v 6 Ilmaan Beniyaam sadan: \li2 Belaa, Bekerii fi Yediiʼeel. \li1 \v 7 Ilmaan Belaa: \li2 Esboon, Uzii, Uziiʼeel, Yeriimootii fi Iirii walumatti shan turan; hangafoonni mana abbootii isaaniis gootota jajjaboo turan; galmeen hidda dhaloota isaanii namoota 22,034 argisiisa. \li1 \v 8 Ilmaan Beker: \li2 Zemiiraa, Yooʼaash, Eliiʼezer, Eliiyooʼeenayi, Omrii, Yereemooti, Abiyaa, Anaatootii fi Alaameti. Isaan kunneen hundi ilmaan Beker turan. \v 9 Hangafoota mana abbootii isaanii kanneen akka dhaloota isaaniitti hidda dhaloota isaaniitiin lakkaaʼaman gootota jajjaboo 20,200 turan. \li1 \v 10 Ilmi Yediiʼeel: \li2 Bilihaan. \li1 Ilmaan Bilhaanii: \li2 Yeʼuushi, Beniyaam, Eehuud, Keniʼaanaa, Zeetaan, Tarshiishii fi Ahiishahar. \v 11 Ilmaan Yediiʼeel kunneen hundi hangafoota maatiiwwanii turan. Isaanis namoota waraana dhaquuf qophaaʼan 17,200 qaban ture. \li1 \v 12 Gosti Shufiimiitii fi Hufiim ilmaan Iiri turan; Hushiim immoo ilma Aheerii ti. \s1 Niftaalem \li1 \v 13 Ilmaan Niftaalemii: \li2 Yahiziiʼeel, Guunii, Yeexerii fi Shaluum; isaan kunneen sanyii Bilihaa ti. \s1 Minaasee \li1 \v 14 Ilmaan Minaasee: \li2 Asriiʼeel kan saajjatoon isaa isheen Arraamii dhufte sun deesseef. Isheenis Maakiir abbaa Giliʼaad deesse. \v 15 Maakiir immoo gosoota Hufiimiitii fi Shufiim keessaa niitii fuudhe. Maqaan obboleettii isaas Maʼakaa ture. Sanyiin isaa kan biraa immoo Salphaʼaad jedhama; Zelofehaad intallan qofa qaba ture. \v 16 Maʼakaan niitiin Maakiirii ilma deessee maqaa isaa Phereesh jettee moggaafte. Obboleessi isaa Sheresh jedhama; ilmaan isaa immoo Uulaamii fi Reqem jedhaman. \li1 \v 17 Ilmi Uulaam: \li2 Bedaan. \li1 Isaan kunneen ilmaan Giliʼaadii ilma Maakiirii, ilma Minaasee sanaa ti. \li1 \v 18 Hamolekeeti obboleettiin isaa Iisihood, Abiiʼezerii fi Mahilaa deesse. \li1 \v 19 Ilmaan Shemiidaa immoo: \li2 Ahiiyaan, Sheekem, Likihii fi Aniyaam turan. \s1 Efreem \li1 \v 20 Ilmaan Efreem: \li2 Shuutelaa, ilma isaa Bereed, \li2 ilma isaa Tahaat, \li2 ilma isaa Eleʼaadaa, ilma isaa Tahaat, \v 21 ilma isaa Zaabaadii, \li2 ilma isaa Shuutelaa. \li2 Eezerii fi Eliʼaad yeroo loon warra Gaati kanneen achi jiraatan sanaa boojiʼuuf gad buʼanitti harka jaraatiin ni ajjeefaman. \v 22 Efreem abbaan isaanii guyyaa hedduu booʼeef; firoonni isaas isa jajjabeessuu dhufan. \v 23 Sana booddees dhaqee niitii isaa wajjin ciise; isheenis ulfooftee ilma deesse. Innis sababii maatii isaa keessa rakkinni tureef Beriiyaa jedhee maqaa baaseef. \v 24 Intalli isaa immoo Sheeraa jedhamti; namni magaalaawwan Beet Horoonii kan gad aanuu fi kan ol aanu, akkasumas magaalaa Uzeen Sheeraa hundeesse ishee dha. \li2 \v 25 Refaa ilma isaa, Resheef ilma isaa, \li2 Teelaa ilma isaa, Taahan ilma isaa, \li2 \v 26 Laʼadaan ilma isaa, Amiihuud ilma isaa, \li2 Eliishaamaa ilma isaa, \v 27 Nuuni ilma isaatii fi \li2 Iyyaasuu ilma isaa. \lf \v 28 Biyyoonnii fi ardaan qubata isaaniis Beetʼeelii fi gandoota naannoo ishee, karaa baʼa biiftuutiin Naʼaraan, karaa lixa biiftuutiin immoo Geezirii fi gandoota ishee akkasumas Sheekemii fi gandoota ishee kanneen hamma Ayyaa fi gandoota isheetti jiran qabata ture. \v 29 Daariiwwan Minaasee irra Beet Sheʼaan, Taʼanaak, Megidoo fi Dooritu gandoota isaanii wajjin ture. Sanyiiwwan Yoosef ilma Israaʼel sanaas magaalaawwan kanneen keessa jiraatan. \s1 Aseer \li1 \v 30 Ilmaan Aasheer: \li2 Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaanii immoo Seraa jedhamti. \li1 \v 31 Ilmaan Beriiyaa: \li2 Hebeerii fi Malkiiʼeel abbaa Birzaawitii. \li1 \v 32 Hebeer immoo abbaa Yaafleexii, Shomeerii, Hootaamiitii fi obboleettii isaanii Shuuʼaa ti. \li1 \v 33 Ilmaan Yaafleex: \li2 Phaasaak, Biimihaalii fi Ashwaati. \lf Isaan kunneen ilmaan Yaafleexii ti. \li1 \v 34 Ilmaan Shemeer: \li2 Ahii, Rohigaa, Yehubaa fi Arraam. \li1 \v 35 Ilmaan obboleessa isaa Heelem: \li2 Zoofaa, Yimnaa, Sheleeshii fi Aamaal. \li1 \v 36 Ilmaan Zoofaa: \li2 Suuwaa, Harnefer, Shuuʼaali, Beerii, Yimraa, \v 37 Bezer, Hoodi, Shamaa, Shilshaa, Yitraanii fi Biʼeeraa. \li1 \v 38 Ilmaan Yeteer: \li2 Yefunee, Fiisiphaa fi Eraa. \li1 \v 39 Ilmaan Ulaa: \li2 Aaraa, Haniiʼeelii fi Riiziyaa. \lf \v 40 Isaan kunneen hundi gosoota Aasheerii turan; isaanis hangafoota maatiiwwanii, namoota filatamoo, loltoota jajjaboo fi bulchitoota bebbeekamoo turan. Akka galmee hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti namoonni isaanii kanneen dandeettii waraanaa qaban 26,000 turan. \c 8 \s1 Hidda Dhaloota Saaʼol Namicha Gosa Beniyaamii \r 8:28‑38 kwf – \xt 1Sn 9:34‑44\xt* \li1 \v 1 Beniyaam ilma isaa hangafa Belaa, ilma isaa \li2 lammaffaa Ashbeel, ilma isaa sadaffaa Aharaa, \li2 \v 2 ilma isaa afuraffaa Nohaa fi ilma isaa shanaffaa Raafaa dhalche. \li1 \v 3 Ilmaan Belaa: \li2 Adaar, Geeraa, Abiihuud, \v 4 Abiishuuwaa, Naʼamaan, Ahooʼaa, \v 5 Geeraa, Shefuufaanii fi Huuraam. \li1 \v 6 Isaan kun ilmaan Eehuudii kanneen hangafoota maatiiwwan warra Gebaa keessa jiraatanii boojuudhaan Maanahatitti geeffamaniiti: \li2 \v 7 Naʼamaan, Ahiiyaa fi Geeraa; Geeraan kun abbaa Uzaa fi Ahiihudii ti; namni boojuudhaan fuudhee isaan geesses isa ture. \li1 \v 8 Shaharaayim erga niitota isaa Hushiimii fi Baʼaraa of jalaa ariʼee booddee Moʼaab keessatti ilmaan dhalche. \v 9 Niitii isaa Hoodesh irraa Yoobaab, Zibiyaa, Meeshaa, Maalkaam, \v 10 Yeʼuuxi, Saakiyaa fi Miirmaa dhalche; isaan kunneen ilmaan isaa warra hangafoota maatii turanii dha. \v 11 Niitii isaa Hushiim irraa immoo Abiituubii fi Elphaʼal dhalche. \li1 \v 12 Ilmaan Elphaʼalii: \li2 Eeber, Mishaam, shemedi isa magaalaawwan Oonooniitii fi Lood gandoota naannoo ishee jiran wajjin ijaare; \v 13 Beriiyaa fi Shemaa kanneen hangafoota maatiiwwan warra Ayaaloon keessa jiraatan sanaa taʼanii jiraattota Gaatii ariʼanii biyyaa baasanii dha. \li1 \v 14 Ahiiyoon, Shaashaaq, Yereemooti, \v 15 Zebaadiyaan, Aaraad, Ederi, \v 16 Miikaaʼel, Yishiphaa fi Yoohaan ilmaan Beriiyaa turan. \li1 \v 17 Zebaadiyaan, Meshulaam, Hizqii, Hebeer, \v 18 Yishimraay, Yizliyaa fi Yoobaab ilmaan Elphaʼalii turan. \li1 \v 19 Yaaqiim, Zikriin, Zabdiin, \v 20 Eliiʼeenaayi, Ziletaayi, Eliiʼeel, \v 21 Adaayaa, Beraayaa fi Shiimraat ilmaan Shimeʼii turan. \li1 \v 22 Yishiphaan, Eeber, Eliiʼeel, \v 23 Abdoon, Zikriin Haanaan, \v 24 Hanaaniyaa, Eelaam, Antootiiyaa, \v 25 Yifdeyaa fi Phenuuʼeel ilmaan Shaashaaq turan. \li1 \v 26 Shamisheraayi, Shehaariyaa, Ataaliyaa, \v 27 Yaʼireshiyaa, Eeliyaasii fi Zikriin ilmaan Yiroohamii turan. \lf \v 28 Isaan kunneen hundi akkuma hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti abbootii maatiitii fi hangafoota turan; isaanis Yerusaalem keessa jiraatu ture. \b \li1 \v 29 Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture; \li2 maqaan niitii isaa Maʼakaa dha. \v 30 Ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab, \v 31 Gedoor, Ahiiyoo, Zekeerii fi \v 32 Miiqlooti abbaa Shimeʼaa turan; isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan. \li1 \v 33 Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti. \li1 \v 34 Ilmi Yoonaataan: \li2 Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti. \li1 \v 35 Ilmaan Miikaa: \li2 Phiitoon, Meleek, Taareʼaa fi Aahaaz. \li2 \v 36 Aahaaz abbaa Yihoʼaadaa ti; Yihooʼadaan abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti. \v 37 Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Raafaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti. \li1 \v 38 Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis: \li2 Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen hundi ilmaan Aazeelii ti. \li1 \v 39 Ilmaan obboleessa isaa Eseeqii: \li2 Ilmi isaa hangafni Uulaam, ilmi isaa lammaffaan Yeʼuushi, ilmi isaa sadaffaan Eliiphelexi. \v 40 Ilmaan Uulaam loltoota jajjaboo xiyyaan loluu dandaʼan turan. Isaanis ilmaanii fi ilmaan ilmaanii hedduu walumatti nama 150 qabu turan. \li1 Isaan kunneen hundi ilmaan Beniyaam turan. \b \c 9 \p \v 1 Israaʼeloonni hundinuu akkuma hidda dhaloota isaaniitti kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffaman. \s1 Saba Yerusaalem \r 9:1‑17 kwf – \xt Nah 11:3‑19\xt* \p Sabni Yihuudaa sababii cubbuu isaatiif boojiʼamee Baabilonitti geeffame. \b \lh \v 2 Warri jalqabatti deebiʼanii lafaa fi magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan Israaʼeloota tokko tokko, luboota, Lewwotaa fi tajaajiltoota mana qulqullummaa ti. \b \lh \v 3 Saboonni Yihuudaa, kan Beniyaamii, kan Efreemii fi kan Minaasee warri Yerusaalem keessa jiraachaa turan: \li1 \v 4 Uutaayi ilma Amiihuud, ilma Omrii, ilma Imrii, ilma Baanii ilmaan Faares ilma Yihuudaa. \li1 \v 5 Shelaanota keessaa: \li2 Asaayaa ilma isaa hangaftichaa fi ilmaan isaa. \li1 \v 6 Zaaraahota keessaa: \li2 Yeʼuuʼeel. \lf Saboonni Yihuudaa nama 690 turan. \b \lh \v 7 Beniyaamota keessaa: \li1 Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Hoodayiwaa, ilma Hasenuuʼaa; \li1 \v 8 Bineeyaa ilma Yirooham; \li1 Eelaa ilma Uzii, ilma Mikrii; \li1 Meshulaam ilma Shefaaxiyaa, ilmaa Reʼuuʼeel, ilma Yibniyaa. \lf \v 9 Sabni Beniyaam akka galmee hidda dhaloota isaanii irratti galmeeffametti nama 956 ture. Namoonni kunneen hundi hangafoota maatii isaanii turan. \b \lh \v 10 Luboota keessaa: \li1 Yedaaʼiyaa; Yehooyaariib; Yaakiin; \li1 \v 11 Azaariyaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub qondaalticha itti gaafatamaa mana Waaqaa taʼe sanaa. \li1 \v 12 Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaa; Maʼasaayi ilma Aadiiʼeel, ilma Yahizeeraa, ilma Meshulaam, ilma Meshileemiit, ilma Imeer. \lf \v 13 Baayʼinni luboota abbootii maatii turaniis 1,760 ture. Isaan kunneen namoota dandeettii qaban kanneen tajaajila mana Waaqaa keessatti itti gaafatamtoota taʼanii dha. \b \lh \v 14 Lewwota keessaa: \li1 Shemaaʼiyaa ilma Hashuubii, ilma Azriiqaamii, ilma Hashabiyaa namicha gosa Meraarii sanaa; \li1 \v 15 Baqbaqar, Hereesh, Gaalaalii fi Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zikrii, ilma Asaafi; \li1 \v 16 Obaadiyaa ilma Shemaaʼiyaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun; \li1 Berekiyaa ilma Aasaa, ilma Elqaanaa kan gandoota Netoofotaa keessa jiraachaa ture sana. \b \lh \v 17 Eegdota balbalaa: \li1 Shaluum, Aquub, Talmoon, Ahiimanii fi obboloota isaanii; Shaluum hangafa gosa isaanii ture; \v 18 innis hamma ammaatti Karra Mootii kan gama baʼaa biiftuutti ramadameera. Isaan kunneen eegdota balbala qubata Lewwotaa turan. \li1 \v 19 Shaluum ilmi Qooraahi ilma Ebiyaasaaf, ilma Qoraahiitii fi maatiin isaa jechuunis gosti Qoraahii kanneen isa wajjin karra eegan sun akkuma abbootiin isaanii dur itti gaafatamtoota balbala mana bultii \nd Waaqayyoo\nd* turan sana isaanis itti gaafatamtoota balbala dunkaanaa taʼan. \li1 \v 20 Bara durii keessa Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar sun dura buʼaa eegdota balbalaa ture; \nd Waaqayyos\nd* isa wajjin ture. \li1 \v 21 Zakkaariyaas ilmi Mesheleemiyaa immoo eegduu balbala dunkaana wal gaʼii ture. \lf \v 22 Namoonni akka balbala eeganiif filataman walumatti 212 turan. Isaanis akkuma hidda dhaloota isaaniitti gandoota isaanii keessatti galmeeffaman. \b \p Eegdota balbalaa kanneenis Daawitii fi Saamuʼeel raajichatu hojii isaaniitti isaan ramade. \v 23 Isaanii fi sanyiiwwan isaanii itti gaafatamtoota eegumsa karra mana \nd Waaqayyoo\nd* jechuunis manicha Dunkaana jedhamu sanaa turan. \v 24 Eegdonni balbalaa kunneen qixa afraniin jechuunis karaa baʼa biiftuu, karaa lixa biiftuu, karaa kaabaatii fi kibbaatiin turan. \v 25 Obboloonni isaaniis yeroo yerootti gandoota isaanii keessaa dhufanii bultii torba torba hojii isaan gargaaraa turan. \v 26 Dura buutota eegdota balbalaa kanneen Lewwota turan afran garuu itti gaafatamummaa kutaalee fi qabeenya mana Waaqaa keessaatu itti kenname. \v 27 Isaanis sababii manicha eeguu qabaniif halkan halkan naannoo mana Waaqaa dhaabatanii bulu turan; ganama ganamas manicha banuuf itti gaafatamummaa qabu turan. \p \v 28 Isaan keessaa namoonni tokko tokko toʼattoota miʼa mana qulqullummaa keessatti fayyaduu turan; isaanis miʼa kana yeroo inni gad baafamuu fi yeroo inni ol galfamu ni lakkaaʼu ture. \v 29 Warri kaan immoo akka miʼoota mana qulqullummaa, daakuu isaa, daadhii wayinii isaa, zayitii isaa, ixaana isaatii fi urgooftuuwwan eeganiif ramadaman. \v 30 Luboota keessaa tokko tokko immoo urgooftuuwwan walitti makanii qopheessu ture. \v 31 Lewwicha Matiitiyaa jedhamu, ilma Shaluum namicha gosa Qooraahi hangaftichatti immoo itti gaafatamummaa buddeena aarsaa tolchuutu kenname. \v 32 Obboloota isaanii Qohaatota tokko tokkotti immoo itti gaafatamummaa buddeena guyyaa Sanbataa hunda minjaala irra kaaʼamu qopheessuutu kenname. \p \v 33 Faarfattoonni abbootii maatiiwwani Lewwotaa turan immoo waan halkanii fi guyyaa itti gaafatamummaa hojii qabaniif kutaa mana qulqullummaa keessaa hin baʼan; hojii biraattis hin waamaman ture. \p \v 34 Isaan kunneen hundinuu abbootii maatiiwwan Lewwotaa hangafoota gosaa kanneen akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffamanii dha; isaanis Yerusaalem keessa jiraatan. \s1 Hidda dhaloota Saaʼol \r 9:34‑44 kwf – \xt 1Sn 8:28‑38\xt* \li1 \v 35 Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture. \li2 Maqaan niitii isaa Maʼakaa dha; \v 36 ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab, \v 37 Gedoor, Ahiiyoo, Zakkaariyaas fi Miiqlooti. \v 38 Miiqlooti abbaa Shimeʼaam. Isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan. \li1 \v 39 Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti. \li1 \v 40 Ilmi Yoonaataan: \li2 Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti. \li1 \v 41 Ilmaan Miikaa: \li2 Phiitoon, Meleek, Tahireeʼaa fi Aahaaz. \li2 \v 42 Aahaaz abbaa Yaʼiraa ti; Yaʼiraan immoo abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti. \v 43 Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Refaayaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti. \li1 \v 44 Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis: \li2 Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen ilmaan Aazeelii ti. \c 10 \s1 Saaʼol Of Ajjeese \r 10:1‑12 kwf – \xt 1Sm 31:1‑13; 2Sm 1:4‑12\xt* \p \v 1 Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman. \v 2 Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan. \v 3 Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii isa madeessan. \p \v 4 Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii natti taphatuu” jedhe. \p Namichi miʼa lolaa baatuuf sun garuu waan akka malee sodaateef isa hin waraanne; kanaafuu Saaʼol goraadee ofii isaa luqqifatee irratti kufe. \v 5 Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee duʼe. \v 6 Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan ni duʼan; warri mana isaa hundinuus walumaan dhuman. \p \v 7 Israaʼeloonni sulula keessa turan hundi yommuu akka loltoonni baqatan, akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan. \p \v 8 Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti akka Saaʼolii fi ilmaan isaa Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan. \v 9 Isaanis erga hidhata Saaʼolii hiikkatanii mataa isaan irraa kutanii booddee akka isaan waaqota tolfamoo fi namoota isaaniitti oduu gaarii labsaniif guutummaa Filisxeemiitti ergamoota ni ergan. \v 10 Ergasii immoo miʼa lolaa isaa mana waaqota tolfamoo isaanii keessa, mataa isaa immoo mana Daagon waaqicha tolfamaa sanaa keessatti ni fannisan. \p \v 11 Jiraattonni Yaabeesh Giliʼaad hundi yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti, \v 12 namoonni jajjaboon isaanii hundi dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa guuranii gara Yaabeeshitti ni fidan. Ergasii immoo reeffa isaanii muka guddaa Yaabeesh keessaa tokko jalatti awwaalan; guyyaa torbas ni sooman. \p \v 13 Saaʼol sababii \nd Waaqayyoof\nd* amanamaa hin taʼiniif duʼe; inni dubbii \nd Waaqayyootiif\nd* hin ajajamne; qooda kanaa ilaaltuu gorsa gaafate; \v 14 \nd Waaqayyoon\nd* gorsa hin gaafanne. Kanaaf \nd Waaqayyo\nd* isa ajjeese; mootummaa isaas dabarsee Daawit ilma Isseeyiitiif kenne. \c 11 \s1 Daawit Mootii Israaʼel Taʼe \r 11:1‑3 kwf – \xt 2Sm 5:1‑3\xt* \p \v 1 Israaʼeloonni hundinuu Kebroonitti Daawit biratti walitti dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti. \v 2 Duraan, yeroo Saaʼol mootii turetti iyyuu namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. \nd Waaqayyoo\nd* Waaqni kees, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.” \p \v 3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit Mooticha bira dhufanitti, inni Kebroonitti fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti isaan wajjin kakuu gale. Isaanis akkuma \nd Waaqayyo\nd* karaa Saamuʼeeliin abdachiise sanatti dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan. \s1 Daawit Yerusaalemin Moʼachuu Isaa \r 11:4‑9 kwf – \xt 2Sm 5:6‑10\xt* \p \v 4 Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu gara Yerusaalemitti jechuunis Yebuusiitti ni qajeelan. Yebuusonni achi jiraatan garuu \v 5 Daawitiin, “Ati as hin seentu” jedhan. Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon jechuunis Magaalaa Daawit ni qabate. \p \v 6 Daawitis, “Namni duraan dursee dhaqee Yebuusota lolu ajajaa loltootaa taʼa” jedhee ture. Yooʼaab ilmi Zeruuyaa jalqabatti baʼe; kanaafuu inni ajajaa waraanaa taʼe. \p \v 7 Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana keessa godhate; kanaafuu daʼannoon sun Magaalaa Daawit jedhamee waamame. \v 8 Innis Miiloodhaa jalqabee naannoo isheetti dallaa dhagaa ni ijaare; Yooʼaab immoo kutaa Magaalaa sanaa kan hafe deebisee ijaare. \v 9 Daawitis sababii \nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe. \s1 Namoota Daawit Jajjabeeyyii \r 11:10‑41 kwf – \xt 2Sm 23:8‑39\xt* \p \v 10 Namoota Daawit warra jajjaboo keessaa hangafoonni kanneenii dha; isaanis akkuma \nd Waaqayyo\nd* waaʼee Israaʼel dubbate sanatti mootii isa gochuuf jedhanii saba Israaʼel hunda wajjin mootummaa isaa keessatti gargaarsa guddaa godhaniif. \v 11 Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: \p Yaashobiʼaam namichi gosa Hakmooni hangafa ajajjoota sanaa ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba sadii fixe. \p \v 12 Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar namicha gosa Ahooʼaa, ilma Doodoo ture; innis namoota jajjaboo sadan sana keessaa tokko ture. \v 13 Eleʼaazaar yeroo Filisxeemonni waraanaaf walitti qabamanii turanitti Daawit wajjin Phaas Damiim ture. Loltoonnis lafa qotiisaa kan garbuudhaan guutame tokko biratti Filisxeemota duraa baqatan. \v 14 Innii fi Daawit garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatan. Isaanis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixan; \nd Waaqayyos\nd* moʼannaa guddaa isaaniif kenne. \p \v 15 Utuma gareen Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessa qubatee jiruu hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara kattaa holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan. \v 16 Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan. \v 17 Daawitis dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe. \v 18 Kanaafuu namoonni Sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti dhangalaase. \v 19 Innis, “Akka ani waan kana hin goone Waaqni narraa haa fageessu! Ani dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqan kanaa nan dhugaa?” jedhe. Sababii isaan lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqanii fidaniif Daawit bishaan sana hin dhugne. \p Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture. \p \v 20 Abiishaayi obboleessi Yooʼaab hoogganaa Sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota Sadan sanaa beekamaa taʼe. \v 21 Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu warra Sadan caalaa ulfina argatee ajajaa isaanii taʼe. \p \v 22 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese. \v 23 Namicha biyya Gibxi kan dhundhuma shan dheeratu tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo akka danqaraa wayya dhooftuu harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe. Innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese. \v 24 Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture. \v 25 Inni namoota Soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate. \b \lh \v 26 Namoonni jajjaboon sunis kanneenii dha: \b \li1 Asaaheel obboleessa Yooʼaab, \li1 Elhaanaan namicha Beetlihem ilma Doodoo, \li1 \v 27 Shamoot namicha gosa Haroor, \li1 Heleez namicha gosa Pheloonaa, \li1 \v 28 Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa, \li1 Abiiʼezer nama Anaatoot, \li1 \v 29 Siibekaay nama biyya Hushaa, \li1 Iilaayi nama Ahooʼaa, \li1 \v 30 Maharaayi nama Netoofaa, \li1 Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa, \li1 \v 31 gosa Beniyaam keessaa \li1 Iitaayi ilma Riibaay, namicha Gibeʼaa, \li1 Benaayaa nama Phiraatoon, \li1 \v 32 Huuraayi namicha sululoota Gaʼaash, \li1 Abiiʼeel namicha biyya Arbaa, \li1 \v 33 Azmaawet namicha Baharuum, \li1 Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon, \li1 \v 34 ilmaan Haasheem namicha Gizoon, \li1 Yoonaataan ilma Shaagee namicha Haraaraa, \li1 \v 35 Ahiiʼaam ilma Saakaar namicha Haraaraa, \li1 Eliifaal ilma Uuri, \li1 \v 36 Heefer namicha Mekeeraataa, \li1 Ahiiyaa namicha Pheloonaa, \li1 \v 37 Hezroo nama Qarmeloos, \li1 Naʼaraayi ilma Ezbayi, \li1 \v 38 Yooʼeel obboleessa Naataanii, \li1 Mibehaar ilma Hagrii, \li1 \v 39 Zeleq namicha gosa Amoon, \li1 Nahaaraay namicha Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana, \li1 \v 40 Iiraas namicha gosa Yitraa, \li1 Gaareeb namicha gosa Yitraa, \li1 \v 41 Uuriyaa namicha Heet, \li1 Zaabaad ilma Ahilayi, \li1 \v 42 Aadiinaa ilma Shiizaa namicha gosa Ruubeen, inni hoogganaa Ruubeenotaatii fi kan namoota Soddomman isa wajjin turanii ti; \li1 \v 43 Haanaan ilma Maʼakaa, \li1 Yooshaafaaxi namicha Miitinaa, \li1 \v 44 Uziyaa namicha Ashteraati, \li1 Shaamaaʼii fi Yeʼiiʼeel ilmaan Hootaam namicha Aroʼeer, \li1 \v 45 Yediʼyaaʼeel ilma Shimrii, \li1 obboleessa isaa Yoohaa namicha Tiizii, \li1 \v 46 Eliiʼeel namicha Mahawaa, \li1 Yeriibaayii fi Yooshabiyaa ilmaan Elnaʼam, \li1 Yitmaa namicha Moʼaab, \li1 \v 47 Eliiʼeel, Oobeedii fi Yaʼisiiʼel namicha Mezoobaa. \c 12 \s1 Loltoonni Daawititti Dabalamuu Isaanii \lh \v 1 Namoonni kunneen warra yeroo inni sababii Saaʼol ilma Qiish sanaatiif asii fi achi sochoʼuu dadhabetti Siiqlaagitti gara Daawit dhufanii dha. Isaanis loltoota jajjaboo kanneen lola irratti isa gargaaran keessaa tokkoo dha; \v 2 isaan warra iddaa qabatanii harka mirgaatiin yookaan harka bitaatiin xiyya darbachuu yookaan dhagaa furrisuu dandaʼanii dha; isaanis gosa Beniyaam keessaa warra Saaʼoliif firootaa dhiigaa taʼanii dha. \b \li1 \v 3 Ahiiʼezer hangafa isaanii ture; sana booddee immoo Yooʼaashitu ture; lamaan isaanii iyyuu ilmaan Shemaaʼaa namicha Gibeʼaa sanaa turan. \li1 Ilmaan Azmaawet Yiziiʼeelii fi Phelet, \li1 Beraakiyaa, Yehuu namicha Anaatoot, \v 4 Yishmaʼiyaa namichi Gibeʼoonii sun jara Soddomman keessaa nama jabaa fi hoogganaa Soddomman isaanii ture; \li1 Ermiyaas, Yahiziiʼeel, Yoohaanaan, Yoozaabaad namicha Gedeeraa, \v 5 Elʼuuzay, Yeriimooti, Beʼaaliyaa, Shemaariyaa, Shefaaxiyaa namicha Haruufaa, \li1 \v 6 Elqaanaa, Yishiyaa, Azariʼeel, Yoozerii fi Yaashobiʼaam jarreen gosa Qooraahi, \li1 \v 7 Yooʼelaa fi Zebaadiyaa ilmaan Yeroohaam namicha Gedoor. \b \p \v 8 Yeroo Daawit gammoojjiitti daʼoo keessa turetti namoonni gosa Gaad tokko tokko dhufanii isaatti ni dabalaman. Isaanis loltoota ciccimoo gaachanaa fi eeboo qabachuu dandaʼan kanneen waraanaaf qophaaʼan turan. Fuulli isaanii fuula leencaa fakkaata ture; isaan akkuma kuruphee tulluu gubbaa saffistoota turan. \b \li1 \v 9 Eezer hoogganaa isaanii ture; \li1 Obaadiyaan lamaffaa, Eliiyaab sadaffaa, \li1 \v 10 Mishmanaan afuraffaa, Ermiyaas shanaffaa, \li1 \v 11 Ataayi jaʼaffaa, Eliiʼeel torbaffaa, \li1 \v 12 Yoohaanaan saddeettaffaa, Elzaabaad saglaffaa, \li1 \v 13 Ermiyaas kurnaffaa, Makibanaayi kudha tokkoffaa ture. \b \p \v 14 Jarreen gosa Gaad kunneen ajajjoota loltootaa turan; isaan keessaa inni xinnaan akka ajajaa nama dhibbaatti, inni guddaan immoo akka ajajaa nama kumaatti hedama ture. \v 15 Warri jiʼa jalqabaatti yeroo lagni Yordaanos guutee ededa isaa hunda irra dhangalaʼutti ceʼanii akka namoonni sululicha keessa jiraachaa turan gara baʼa biiftuutii fi gara lixa biiftuutti baqatan godhan namootuma kanneen turan. \p \v 16 Namoonni Beniyaamiitii fi Yihuudaa tokko tokkos Daawit bira gara daʼannoo isaa ni dhufan. \v 17 Daawitis isaan simachuudhaaf gad baʼee akkana jedheen; “Isin yoo na gargaaruudhaaf jettanii nagaadhaan dhuftanii jiraattan, ani ofitti isin dabalachuudhaaf qophaaʼaa dha. Garuu yoo isin utuu harki koo yakka hin hojjetin diinota kootti dabarsitanii na kennuudhaaf dhuftanii jiraattan, Waaqni abbootii keenyaa ilaalee murtii haa kennu.” \p \v 18 Ergasiis Hafuurri Qulqulluun Amaasaayi hoogganaa namoota Soddomman sanaa irra buʼe; innis akkana jedhe: \q1 “Yaa Daawit, nu kan kee ti! \q2 Yaa ilma Isseey, nu suma wajjin jirra! \q1 Milkaaʼi, milkaaʼi; \q2 warri si gargaaranis haa milkaaʼan; \q3 Waaqni kee si gargaaraatii.” \p Kanaafuu Daawit isaan simatee dura deemtota loltoota isaa isaan godhate. \p \v 19 Yeroo Daawit Saaʼolin loluuf jedhee Filisxeemota wajjin duuletti namoonni Minaasee tokko tokko fottoqanii gara Daawititti ni goran. Inni garuu sababii bulchitoonni Filisxeem mariʼatanii of irraa isa ariʼaniif innii fi namoonni isaa Filisxeemota hin gargaarre. Isaanis, “Yoo inni nu dhiisee gara gooftaa isaa gara Saaʼol deebiʼe wanni kun nu ficcisiisa” jedhanii turaniitii. \v 20 Yeroo Daawit gara Siiqlaag deemetti namoonni Minaasee warri fottoqanii gara isaa goran kanneenii dha: Adinaahi, Yoozaabaad, Yediiʼeel, Miikaaʼel, Yoozaabaad, Eliihuu fi Ziletaayi; isaan kunneen gosa Minaasee keessatti ajajjuuwwan kumaa turan. \v 21 Isaanis balaa buuftota dhaʼuu irratti Daawitin ni gargaaran; hundi isaanii loltoota jajjaboo fi ajajjoota loltoota isaa turaniitii. \v 22 Hamma inni loltoota guddaa akka loltoota Waaqaa qabaatutti, namoonni Daawitin gargaaruudhaaf guyyaa guyyaadhaan gara isaa dhufaa ture. \s1 Namoonni Biraas Kebroonitti Daawititti Dabalaman \lh \v 23 Baayʼinni namoota lolaaf hidhatanii akkuma \nd Waaqayyo\nd* dubbatee turetti mootummaa Saaʼol gara Daawitiitti dabarsuudhaaf jedhanii Daawit bira gara Kebroonii dhufanii kanneenii dha: \b \li1 \v 24 Namoonni Yihuudaa kanneen gaachanaa fi eeboo qabatanii lolaaf qophaaʼan 6,800; \li1 \v 25 namoonni Simiʼoonii loltoonni waraanaaf qophaaʼan 7,100; \li1 \v 26 namoonni Lewwii 4,600; \v 27 Yehooyaadaan hoogganaa maatii Aroon ture; namoonni 3,700 isa wajjin turan; \v 28 Zaadoq dargaggeessa loltuu jagnaa sanaa fi maatii isaa keessaa ajajjoota waraanaa 22; \li1 \v 29 namoonni Beniyaam kanneen firoota Saaʼolii taʼan 3,000; isaan keessaas hedduun isaanii hamma yeroo sanaatti mana Saaʼoliitiif amanamoo turan; \li1 \v 30 namoonni Efreem warri lolatti ciccimoo fi balbala isaanii keessatti bebeekamoo taʼan 20,800; \li1 \v 31 walakkaa gosa Minaasee keessaa namoonni Daawitin mootii gochuudhaaf maqaan isaanii galmaaʼee dhufan 18,000; \li1 \v 32 namoota Yisaakor keessaa warra haala yeroo hubatanii waan Israaʼeloonni gochuu qaban beekan hangafoota 200, firoota isaanii kanneen isaan jalatti bulan hunda wajjin; \li1 \v 33 namoota Zebuuloon keessaa loltoonni muuxannoo qaban warri meeshaa lolaa kamiin iyyuu loluuf qophaaʼan kanneen Daawitin gargaaruuf garaan isaanii tokko taʼe 50,000; \li1 \v 34 namoota Niftaalem keessaa ajajjoota 1,000; namoota gaachanaa fi eeboo qabatan 37,000 wajjin; \li1 \v 35 namoota Daan kanneen lolaaf qophaaʼan 28,600; \li1 \v 36 namoota Aasheer keessaa loltoonni muuxannoo qaban kanneen lolaaf qophaaʼan 40,000; \li1 \v 37 gama baʼa Yordaanosiitii namoota Ruubeen, namoota Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa namoota miʼa lolaa kan gosa hundaa hidhatan 120,000. \b \lf \v 38 Isaan kunneen hundinuu loltoota waraana keessa tajaajiluudhaaf of kennanii dha. \b \p Isaanis Israaʼel hunda irratti Daawitin mootii gochuuf kutatanii gara Kebroon ni dhufan. Israaʼeloonni hafan hundinuus Daawitin mootii gochuuf yaaduma tokko qabu turan. \v 39 Namoonnis sababii maatiin isaanii waan hunda isaaniif qopheessaniif nyaachaa dhugaa guyyaa sadii Daawit wajjin achi turan. \v 40 Akkasumas olloonni isaanii kanneen hamma Yisaakoriitti, Zebuuloonittii fi Niftaalemiitti jiran harrootatti, gaalawwanitti, gaangolii fi sangootatti nyaata feʼanii fidanii ni dhufan. Sababii Israaʼel keessa gammachuun guddaan tureefis daakuun, bixxilleen ija harbuutii fi bixxilleen ija wayinii, daadhiin wayinii, zayitiin, loonii fi hoolonni akka malee baayʼeen dhiʼeeffamanii turan. \c 13 \s1 Taabota Deebisanii Fidan \r 13:1‑14 kwf – \xt 2Sm 6:1‑11\xt* \p \v 1 Daawit ajajjoota isaa hunda ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa wajjin ni mariʼate. \v 2 Ergasii inni yaaʼii Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaatee fi yoo fedhii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenyaa taʼe, kottaa mee akka isaan dhufanii nutti dabalamaniif obboloota keenya kanneen guutummaa biyya Israaʼel keessatti hafanitti akkasumas lubootaa fi Lewwota isaan wajjin magaalaawwanii fi lafa dheeda isaanii keessa jiraatanitti ergaa haa erginu. \v 3 Taabota Waaqa keenyaa deebifnee haa fidannu; nu bara mootummaa Saaʼol keessa isa hin barbaaneetii.” \v 4 Sababii wanni kun saba hundatti waan qajeelaa fakkaateef guutummaan yaaʼii sanaa waan kana gochuudhaaf walii gale. \p \v 5 Kanaafuu Daawit taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii fiduudhaaf Israaʼeloota Laga Shihoorii kan biyya Gibxiitti argamuu jalqabee hamma karra Hamaatiitti jiran hunda walitti qabe. \v 6 Daawitii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqa kiirubeelii gidduu teessoo irra jiru sanaa jechuunis taabota Maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* waamamu sana achii fiduuf jedhanii gara Baʼaalaa jechuunis gara Kiriyaati Yeʼaariim ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan. \p \v 7 Isaanis taabota Waaqaa sana gaarii haaraatti feʼanii mana Abiinaadaabiitii ni baasan; Uzaa fi Ahiiyoon gaarii sana oofaa turan. \v 8 Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaa fi baganaadhaan, kiraaraa fi dibbeedhaan, kilillee fi malakataan fuula Waaqaa duratti gammadanii shuubbisaa. \p \v 9 Yommuu isaan oobdii Kiidoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan taabota sana qabuuf harka isaa hiixate. \v 10 Sababii Uzaan taabota irra harka isaa kaaʼeef dheekkamsi \nd Waaqayyoo\nd* Uzaatti bobaʼe; innis isa rukute; kanaafuu inni achumatti fuula Waaqaa duratti ni duʼe. \p \v 11 Daawitis sababii \nd Waaqayyo\nd* akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa\f + \fr 13:11 \fr*\fq Phereez Uzaa \fq*\ft jechuun \ft*\fqa galaafatamuu \fqa*\ft jechuu dha.\ft*\f* jedhamee waamama. \p \v 12 Daawitis gaafa sana Waaqa sodaatee, “Ani akkamittan taabota Waaqaa gara mana kootti fiduu dandaʼa?” jedhee gaafate. \v 13 Innis akka taabonni isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti hin fudhanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse. \v 14 Taabonni Waaqaas jiʼa sadii maatii Oobeed Edoom wajjin mana isaa keessa ture; \nd Waaqayyos\nd* warra mana isaa jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise. \c 14 \s1 Mana Daawitii fi Maatii Isaa \r 14:1‑7 kwf – \xt 2Sm 5:11‑16; 1Sn 3:5‑8\xt* \p \v 1 Yeroo kanatti Huuraam mootiin Xiiroos akka isaan Daawitiif masaraa mootummaa ijaaraniif ergamoota wajjin muka birbirsaa, warra dhagaa soofanii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban gara Daawititti erge. \v 2 Daawitis akka \nd Waaqayyo\nd* saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka mootummaan isaas sababii saba Israaʼeliif akka malee guddate ni beeke. \p \v 3 Daawitis Yerusaalem keessatti niitota dabalee fuudhee ilmaanii fi intallan dabalataa dhalche. \v 4 Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis: Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon, \v 5 Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi, \v 6 Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa, \v 7 Eliishaamaa, Beeliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu. \s1 Daawit Filisxeemota Moʼate \r 14:8‑17 kwf – \xt 2Sm 5:17‑25\xt* \p \v 8 Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee isaanitti baʼe. \v 9 Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim weeraran; \v 10 kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee Waaqa ni gaafate. \p \nd Waaqayyos\nd*, “Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef. \p \v 11 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa gara Baʼaal Pheraaziim ol baʼan; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Waaqni harka kootiin diinota koo cabsee baʼeera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame. \v 12 Filisxeemonni waaqota isaanii tolfamoo achitti ni dhiisan; Daawit immoo akka waaqonni sun ibiddaan gubaman ni ajaje. \p \v 13 Filisxeemonni amma illee deebiʼanii sulula sana weeraran; \v 14 kanaafuu Daawit ammas Waaqa gaafate; Waaqnis akkana jedhee deebiseef; “Qajeelumatti itti ol hin baʼin; garuu isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani. \v 15 Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen loluuf baʼi; Waaqni loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii.” \v 16 Kanaafuu Daawit akkuma Waaqni isa ajaje sana ni godhe; isaanis Gibeʼoonii jalqabanii hamma Geeziritti loltoota Filisxeem ni dhaʼan. \p \v 17 Akkasiin maqaan Daawit biyya hunda keessatti beekame; \nd Waaqayyos\nd* akka saboonni hundinuu isa sodaatan godhe. \c 15 \s1 Taabonni Gara Yerusaalem Fidame \r 15:25–16:3 kwf – \xt 2Sm 6:12‑19\xt* \p \v 1 Daawit erga ofii isaatiif Magaalaa Daawit keessatti mana ijaarratee booddee taabota Waaqaatiif lafa qopheessee dunkaana dhaabe. \v 2 Ergasiis Daawit, “Waan \nd Waaqayyo\nd* akka isaan taabota Waaqaa baatanii bara baraan fuula isaa dura tajaajilaniif isaan filateef, Lewwota malee namni biraa taabota \nd Waaqayyoo\nd* hin baatin” jedhee ajaje. \p \v 3 Daawitis taabota \nd Waaqayyoo\nd* iddoo qopheesseef sanatti fiduuf Israaʼeloota hunda Yerusaalemitti walitti qabe. \b \lh \v 4 Innis sanyiiwwan Aroonii fi Lewwota walitti waame; isaanis: \b \li1 \v 5 Ilmaan Qohaati keessaa, \li2 Uuriiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 120; \li1 \v 6 ilmaan Meraarii keessaa, \li2 Asaayaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 220; \li1 \v 7 ilmaan Geershoom keessaa, \li2 Yooʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 130; \li1 \v 8 ilmaan Eliisaafaan keessaa, \li2 Shemaaʼiyaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 200; \li1 \v 9 ilmaan Kebroon keessaa, \li2 Eliiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 80; \li1 \v 10 ilmaan Uziiʼeel keessaa, \li2 Amiinaadaab hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 112. \b \p \v 11 Ergasiis Daawit luboota jechuunis Saadoqii fi Abiyaataar akkasumas Lewwota jechuunis Uuriiʼeel, Asaayaa, Yooʼeel, Shemaaʼiyaa, Eliiʼeelii fi Amiinaadaabin ni waame; \v 12 akkanas isaaniin jedhe; “Isin hangafoota maatiiwwan Lewwotaa ti; isinii fi Lewwonni akka keessanii of qulqulleessaa; ergasiis taabota \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel gara iddoo ani qopheesseefitti fidaa. \v 13 Sababii isin Lewwonni yeroo jalqabaatti taabota sana hin fidiniif \nd Waaqayyo\nd* Waaqni keenya nutti dheekkame. Nu akka seerri ajajutti isa hin barbaaddanneetii.” \v 14 Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni taabota \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel sana fiduuf of qulqulleessan. \v 15 Lewwonni akkuma kan Museen dubbii \nd Waaqayyootiin\nd* ajajetti taabota Waaqaa sana danqaraadhaan gatiittii isaaniitti ni baatan. \p \v 16 Daawitis akka isaan meeshaa muuziiqaatiin jechuunis kiraaraan, baganaa fi kililleedhaan faarfannaa gammachuu faarfataniif akka isaan obboloota isaanii muudaniif Lewwota dura deemtotatti ni hime. \p \v 17 Kanaafuu Lewwonni Heemaan ilma Yooʼeel muudatan; obboloota isaa keessaa immoo Asaaf ilma Berekiyaa, obboloota isaanii gosa Meraarii keessaa Eetaan ilma Qushaayaa ni muuddatan; \v 18 isaan wajjinis obboloota isaanii kanneen isaanitti aannan: Zakkaariyaas, Yaʼaziiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaab, Benaayaa, Maʼaseyaa, Matiitiyaa, Eliipheleehuu, Miiqneyaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel eegdota balbalaa turan. \p \v 19 Faarfattoonni Heemaan, Asaafii fi Eetaan jedhaman akka kilillee naasiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii faarfannaa dhageessisaniif ni muudaman; \v 20 Zakkaariyaas, Aziiʼeel Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaabi, Maʼaseyaanii fi Benaayaa immoo akka seera \tl alamootiitti\tl*\f + \fr 15:20 \fr*\ft Alamootiin gosa muuziiqaa ti.\ft*\f* kiraaraan faarfatu ture; \v 21 akkasumas Matiitiyaan, Eliipheleehuu, Miiqneyaan, Oobeed Edoom, Yeʼiiʼeel, Azaaziyaan akka seera \tl shiimiiniitiitti\tl*\f + \fr 15:21 \fr*\ft Shiimiiniitiin gosa muuziiqaa ti.\ft*\f* baganaa taphatu ture. \v 22 Kenaaniyaan hangaftichi Lewwotaa itti gaafatamaa faarfannaa ture; innis itti gaafatamummaa kana sababii ogummaa isaa qabuuf fudhate. \p \v 23 Berekiyaa fi Elqaanaan eegdota balbala taabotaa turan. \v 24 Luboonni jechuunis, Shebaniyaan, Yooshaafaaxi, Naatnaaʼel, Amaasaayi, Zakkaariyaas, Benaayaanii fi Eliiʼezer fuula taabota Waaqaa duratti malakata afuufu ture. Oobeed Edoomii fi Yehiyaan immoo eegdota balbala taabotaa turan. \p \v 25 Kanaafuu Daawitii fi maanguddoonni Israaʼel akkasumas ajajjuuwwan kumaa gammachuudhaan taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* sana mana Oobeed Edoomiitii fiduu dhaqan. \v 26 Isaanis sababii Waaqni Lewwota taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* baatan gargaareef korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba aarsaa godhan. \v 27 Daawitis wandaboo haphii quncee talbaa irraa hojjetame kan akka uffata Lewwonni taabota sana baatan, kan akka faarfattoonnii fi Kenaaniyaan qajeelchaan faarfannaa faarfattootaa uffatan sanaa uffatee ture. Daawitis dirata quncee talbaa irraa hojjetames uffatee ture. \v 28 Akkasiinis Israaʼel hundi gaanfa korbeessa hoolaatii fi malakata afuufaa, kilillee dhageessisaa, kiraaraa fi baganaadhaan sirbaa taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* sana ni fidan. \p \v 29 Yeroo taabonni kakuu \nd Waaqayyoo\nd* Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi shuubbisee gammadu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte. \c 16 \p \v 1 Isaanis taabota Waaqaa fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqaa duratti ni dhiʼeessan. \v 2 Daawitis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* namoota ni eebbise. \v 3 Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama Israaʼeliitiif, dhiiraa fi dubartiif buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne. \p \v 4 Innis akka isaan fuula taabota \nd Waaqayyoo\nd* duratti tajaajilaniif, akka isaan \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼel waammataniif, akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Lewwota tokko tokko ni muuddate; \v 5 isaanis Asaaf hangafticha, Zakkaariyaas itti aanaa isaa, itti fufees Yeʼiiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel faʼi turan. Jarri kunneen kiraaraa fi baganaa taphatu ture; Asaaf immoo kilillee dhageessisa ture; \v 6 Benaayaa fi Yahiziiʼeel luboonni yeroo hunda fuula taabota kakuu Waaqaa duratti malakata afuufu turan. \s1 Faarfannaa Daawit Kan Galataa \r 16:8‑22 kwf – \xt Far 105:1‑15\xt* \r 16:23‑33 kwf – \xt Far 96:1‑13\xt* \r 16:34‑36 kwf – \xt Far 106:1,47‑48\xt* \p \v 7 Daawitis gaafa sana akka Asaafii fi michoota isaa faarfannaa galataa kana \nd Waaqayyoof\nd* faarfataniif jalqabatti ajaja kenne: \q1 \v 8 \nd Waaqayyoof\nd* galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa; \q2 waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa. \q1 \v 9 Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa; \q2 waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa. \q1 \v 10 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa; \q2 garaan warra \nd Waaqayyoon\nd* barbaadanii haa gammadu. \q1 \v 11 \nd Waaqayyoo\nd* fi humna isaa barbaaddadhaa; \q2 yeroo hunda fuula isaa barbaadaa. \q1 \v 12 Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi \q2 murtii inni labse yaadadhaa; \q1 \v 13 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Israaʼel taatan, \q2 isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa. \b \q1 \v 14 Inni \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya; \q2 murtiin isaas lafa hunda irra jira. \q1 \v 15 Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas \q2 dhaloota kumaaf ni yaadata; \q1 \v 16 inni kakuu Abrahaam wajjin gale, \q2 kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata. \q1 \v 17 Kanas Yaaqoobiif seera, \q2 Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee // akkana jedhee mirkaneesseera; innis: \q1 \v 18 “Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee, \q2 siif nan kenna” jedhe. \b \q1 \v 19 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti, \q2 dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti, \q1 \v 20 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo \q2 gara mootummaa biraatti jooran. \q1 \v 21 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne; \q2 sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate: \q1 \v 22 “Dibamtoota koo hin tuqinaa; \q2 raajota koos hin miidhinaa.” \b \q1 \v 23 Lafti hundinuu \nd Waaqayyoon\nd* faarfadhaa; \q2 fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa. \q1 \v 24 Ulfina isaa saboota gidduutti, \q2 hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa. \q1 \v 25 \nd Waaqayyo\nd* guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala; \q2 inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba. \q1 \v 26 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; \q2 \nd Waaqayyo\nd* garuu samiiwwan uume. \q1 \v 27 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru; \q2 jabinnii fi gammachuunis iddoo jireenya isaa jiru. \q1 \v 28 Yaa maatiiwwan sabootaa, \nd Waaqayyoof\nd* kennaa; \q2 ulfinaa fi jabina \nd Waaqayyoof\nd* kennaa. \q1 \v 29 Ulfina maqaa isaatiif malu \nd Waaqayyoof\nd* kennaa. \q2 Aarsaa fidaatii fuula isaa duratti dhiʼaadhaa. \q1 bareedina qulqullummaa isaatiin \nd Waaqayyoon\nd* waaqeffadhaa. \q2 \v 30 Isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa! \q2 Addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu. \b \q1 \v 31 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; \q2 isaan saboota gidduutti, “\nd Waaqayyo\nd* moʼeera!” haa jedhan. \q1 \v 32 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu; \q2 dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadani! \q1 \v 33 Mukkeen bosonaa haa faarfatan; \q2 isaan gammachuudhaan fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti haa faarfatan; \q2 inni lafatti muruudhaaf ni dhufaatii. \b \q1 \v 34 \nd Waaqayyoof\nd* galata galchaa; inni gaariidhaatii; \q2 jaalalli isaa bara baraan jiraata. \q1 \v 35 Akkana jedhaatii iyyaa; “Yaa Waaqayyo, \q2 Fayyisaa keenya, ati nu baasi; \q1 akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf, \q2 akka galata keetiin of jajnuufis, walitti nu qabiitii saboota ormaa jalaa nu oolchi.” \q1 \v 36 \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliitiif \q2 bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu. \m Kana irratti namni hundinuu, “Ameen; \nd Waaqayyo\nd* haa galatoomu” jedhe. \b \p \v 37 Daawitis akka isaan fuula taabotaa dura yeroo hunda tajaajilaniif, Asaafii fi obboloota isaa achuma fuula taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* duratti isaan dhiise. \v 38 Akkasumas Oobeed Edoomii fi warra isaan wajjin hojjetan jaatamii saddeettan akka isaan wajjin tajaajilaniif achitti dhiise. Oobeed Edoom ilmi Yeduutuuniitii fi Hoosaan eegdota balbalaa turan. \p \v 39 Daawit Zaadoq lubichaa fi luboota isa wajjin hojjetan kaan dunkaana \nd Waaqayyoo\nd* qulqulluu kan Gibeʼoon keessatti gaara sagadaa irratti argamu biratti dhiise; \v 40 kunis isaan akkuma waan Seera \nd Waaqayyoo\nd* kan inni Israaʼeliif kenne hunda keessatti barreeffame sanaatti yeroo hunda galgalaa fi ganama iddoo aarsaa gubamuu irratti aarsaa gubamu \nd Waaqayyoof\nd* akka dhiʼeessaniif. \v 41 Isaan wajjinis Heemaanii fi Yeduutuun akkasumas warra akka, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” jedhanii \nd Waaqayyoof\nd* galata galchaniif filatamanii maqaan isaanii beekame biraatu ture. \v 42 Heemaanii fi Yeduutuun sagalee malakataatiif kilillee dhageessisuu fi akkasumas meeshaa muuziiqaa kan Waaqaa irratti itti gaafatamtoota turan. Ilmaan Yeduutuun immoo karra eegan. \p \v 43 Ergasii namoonni hundinuu achii kaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara mana ofii isaatti galan; Daawit immoo maatii ofii eebbisuuf gara manaatti ni deebiʼe. \c 17 \s1 Abdii Waaqayyo Daawitin Abdachiise \r 17:1‑15 kwf – \xt 2Sm 7:1‑17\xt* \p \v 1 Daawit erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee booddee Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni kakuu \nd Waaqayyoo\nd* garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe. \p \v 2 Naataan immoo deebisee Daawitiin, “Waaqni si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe. \p \v 3 Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe: \pm \v 4 “Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼi miti. \v 5 Ani gaafan Israaʼelin Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani dunkaana tokkoo irraa gara isa kaaniitti, iddoo bultii tokkoo irraa gara iddoo bultii isa kaaniitti darbaan ture. \v 6 Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu hooggantoota akka isaan saba koo eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’ \pm \v 7 “Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘\nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf, lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe. \v 8 Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii nan godha. \v 9 Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi akka isaan siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan; \v 10 akka yeroo ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan; ani diinota kee hundas siifin garboomsa. \pm “ ‘Ani akka \nd Waaqayyo\nd* mana siif ijaaru sittin hima: \v 11 Yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii keetti dabalamuuf dhaqxutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee keessaa, ilmaan kee keessaa tokko nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba. \v 12 Kan mana naaf ijaaru isa; anis teessoo isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba. \v 13 Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Ani akka namicha si dura ture sana irraa fudhadhe, jaalala koo gonkumaa isa irraa hin fudhadhu. \v 14 Ani mana koo fi mootummaa koo irratti bara baraan isa nan muuda; teessoon isaas bara baraan jabaatee ni dhaabata.’ ” \p \v 15 Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime. \s1 Kadhannaa Daawit \r 17:16‑27 kwf – \xt 2Sm 7:18‑29\xt* \p \v 16 Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura taaʼee akkana jedhe: \pm “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, yaa Waaqi, kan ati asiin na geesse, ani eenyu? Maatiin koos maali? \v 17 Yaa Waaqi, ati akka waan wanni kun fuula kee duratti quubsaa hin taʼiniitti ilaaltee waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duraa illee dubbatte. Yaa \nd Waaqayyo\nd*, yaa Waaqi, ati akka waan ani nama hunda caalaa kabajamaa taʼeetti na ilaalte. \pm \v 18 “Waan ati garbicha kee ulfeessiteef Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Ati garbicha kee ni beektaatii. \v 19 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati sababii garbicha keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana goote; akka waadaawwan gurguddaan kunneenis beekaman gooteerta. \pm \v 20 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru. \v 21 Sabni akka saba kee Israaʼel kan Waaqni saba lafa irra jiraatu keessaa saba tokkicha ofii isaatiif furachuu fi ofii keetiitiifis maqaa tolfachuuf jettee fuula saba keetii duraa saboota ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa hojjechuudhaaf baʼe, kan ati Gibxii baafte sanaa tokko iyyuu jiraa? \v 22 Ati saba kee Israaʼelin bara baraan kan ofii keetii goote; Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati Waaqa isaanii taateerta. \pm \v 23 “Ammas yaa \nd Waaqayyo\nd*, waadaan ati garbicha keetii fi mana isaatiif galte sun bara baraan jabaatee haa dhaabatu. Ati akkuma waadaa galte sana raawwadhu; \v 24 kunis akka maqaan kee jabaatee dhaabatee, bara baraanis guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘\nd Waaqayyoon\nd* Waan Hunda Dandaʼu, Israaʼel irratti Waaqa; inni Waaqa Israaʼel!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata. \pm \v 25 “Yaa Waaqa ko, ati akka mana isaaf ijaartu garbicha keetti mulʼifteerta. Kanaafuu garbichi kee si kadhachuudhaaf ija jabina argateera. \v 26 Yaa \nd Waaqayyo\nd*, ati Waaqa! Ati waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta. \v 27 Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee taʼeera; yaa \nd Waaqayyo\nd* sababii ati isa eebbifteef, inni bara baraan ni eebbifama.” \c 18 \s1 Moʼannoowwan Daawit \r 18:1‑13 kwf – \xt 2Sm 8:1‑14\xt* \p \v 1 Ergasii Daawit Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; Gaatii fi gandoota naannoo ishee jiranis harka Filisxeemotaatii baase. \p \v 2 Daawit Moʼaabotas ni moʼate; isaanis isa jalatti bulanii gibira fidaniif. \p \v 3 Kana irrattis Daawit yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii dhaabbachuu dhaqetti, hamma Hamaatiitti deemee Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate. \v 4 Daawitis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute. \p \v 5 Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis, Daawit isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe. \v 6 Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate; warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. \nd Waaqayyos\nd* Daawitiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne. \p \v 7 Daawitis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer harkatti qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide. \v 8 Daawit magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Xibihaatii fi Kuuni naasii akka malee baayʼee fudhate; Solomoon immoo Gaanii naasii, utubaawwanii fi miʼoota naasii garaa garaa naasii sana irraa hojjete. \p \v 9 Tooʼuun mootiin Hamaati yommuu akka Daawit guutummaa loltoota Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate dhagaʼetti, \v 10 akka inni sababii ol aantummaa Daawit Mootichi waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii Hadooraamin gara isaatti erge; Hadaadezer Tooʼuu wajjin wal waraanaa tureetii. Adooraamis kennaa gosa hundaa warqee irraa, meetii fi naasii irraa hojjetaman fideef. \p \v 11 Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee \nd Waaqayyoof\nd* addaan baase. \p \v 12 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixe. \v 13 Innis Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawitiif ni garbooman. \nd Waaqayyos\nd* lafa inni dhaqe hundatti Daawitiif moʼannaa ni kenne. \s1 Qondaaltota Daawit \r 18:14‑17 kwf – \xt 2Sm 8:15‑18\xt* \p \v 14 Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete. \b \li1 \v 15 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture; \li1 Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa ture; \li1 \v 16 Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; \li1 Shaafisaan immoo barreessaa ture; \li1 \v 17 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture; \li1 ilmaan Daawit immoo mootichatti aananii qondaaltota hangafoota turan. \c 19 \s1 Waraana Amoonota Irratti Baname \r 19:1‑19 kwf – \xt 2Sm 10:1‑19\xt* \p \v 1 Ergasiis Naahaash mootiin Amoonotaa ni duʼe; ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. \v 2 Daawitis, “Sababii abbaan isaa naa arjoomeef anis Haanuun ilma Naahaashiif nan arjooma” jedhee yaade. Kanaafuu Daawit gadda waaʼee abbaa isaatiif itti dhagaʼame isaa ibsuuf Haanuunitti ergamoota ni erge. \p Yommuu namoonni Daawit dhaamsa gaddaa itti himuuf Haanuun bira biyya Amoonotaa dhaqanitti, \v 3 qondaaltonni Amoonotaa Haanuuniin, “Ati sababii Daawit akka isaan dhaamsa gaddaa sitti himaniif namoota sitti ergeef inni waan abbaa keetiif ulfina kenne seetaa? Ergamoonni isaa biyyattii qorachuu, basaasanii qabachuuf gara kee dhufan mitii?” jedhan. \v 4 Kanaafuu Haanuun namoota Daawit sana qaqqabee rifeensa irraa haadee wayyaa isaanii illee teessuma irratti cicciree of irraa isaan erge. \p \v 5 Daawit yommuu namni tokko dhufee waaʼee namoota sanaa isatti himetti, sababii isaan akka malee qaanaʼaniif ergamoota gara isaaniitti erge. Mootichis “Isin hamma areedni keessan isinii guddatutti Yerikoo turaatii ergasii deebiʼaa kottaa” jedheen. \p \v 6 Amoononni yommuu akka Daawit isaan xireeffate hubatanitti Haanuunii fi Amoononni Phaadaan Arraamii, Araamaʼaakaa fi Zoobaadhaa gaariiwwan kireeffachuuf meetii taalaantii\f + \fr 19:6 \fr*\ft Taalaantiin tokko kiiloo giraamii 34.\ft*\f* kuma tokko ni ergan. \v 7 Isaanis gaariiwwan kuma soddomii lamaa fi ooftota gaariiwwanii, akkasumas mootii Maʼakaatii fi loltoota isaa kanneen dhufanii Meedebaa bira qubatan sana kireeffatan; Amoononni immoo magaalaawwan isaaniitii walitti qabamanii waraanatti ni qajeelan. \p \v 8 Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti Yooʼaabii fi guutummaa loltootaa ni erge. \v 9 Amoononni immoo baʼanii karra magaalaa isaanii irratti waraanaaf hiriiran; mootonni dhufan sun immoo kophaa isaanii dirree irra turan. \p \v 10 Yooʼaabis akka fuula isaa duraa fi dugda isaa duubaan waraanni jiru ni arge; kanaafuu loltoota Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo filatee adda loltoonni Sooriyaa jiranitti bobbaase. \v 11 Namoota hafan immoo ajaja obboleessa isaa Abiishaayi jalatti ni hiriirse; isaanis Amoonotatti duulan. \v 12 Yooʼaabis akkana jedhe; “Yoo warri Sooriyaa natti jabaatan ati na gargaarta; yoo Amoononni sitti jabaatan immoo ani sin gargaara. \v 13 Jabaadhaa saba keenyaa fi magaalaawwan Waaqa keenyaatiif garaa kutannaadhaan haa lollu. \nd Waaqayyos\nd* waan fuula isaa duratti gaarii taʼe ni godha.” \p \v 14 Ergasii Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan warra Sooriyaa waraanuuf fuul duratti ni qajeelan; jarris fuula isaa duraa baqatan. \v 15 Amoononni yommuu akka namoonni Sooriyaa baqatan arganitti isaanis fuula obboleessa isaa Abiishaayi duraa baqatanii magaalaa seenan. Akkasiin Yooʼaab Yerusaalemitti deebiʼe. \p \v 16 Namoonni Sooriyaa yommuu akka Israaʼeloonni isaan moʼatan arganitti ergamoota erganii namoota Sooriyaa kanneen Laga Efraaxiisiitiin gamaa fichisiisan; Shoofaki ajajaan loltoota Hadaadezer sun isaan hoogganaa ture. \p \v 17 Daawitis yommuu wanni kun isatti himametti, Israaʼeloota hunda walitti qabee Yordaanos ceʼe; innis dursee dhaqee fuula isaanii duraan toora lolaa ni qabate. Daawitis warra Sooriyaa waraanuuf loltoota isaa hiriirse; namoonni Sooriyaas ni lolaniin. \v 18 Isaan garuu Israaʼeloota duraa baqatan; Daawitis namoota gaarii waraanaa oofan kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma afurtama fixe. Ajajaa loltoota isaanii Shoofaki illee ni ajjeese. \p \v 19 Tajaajiltoonni Hadaadezeriis yommuu akka Israaʼelootaan moʼataman arganitti Daawit wajjin nagaa uumanii isa jalatti bulan. \p Kanaafuu namoonni Sooriyaa ergasii Amoonota gargaaruu hin feene. \c 20 \s1 Qabamuu Magaalaa Raabbaa \r 20:1‑3 kwf – \xt 2Sm 11:1; 12:20‑21\xt* \p \v 1 Birraa keessa yeroo mootonni waraanaaf baʼanitti Yooʼaab humnoota waraanaa qajeelchee biyya Amoonotaa barbadeesse; ergasiis dhaqee Rabbaa marse; Daawit garuu Yerusaalemitti hafe. Yooʼaabis Raabbaa waraanee daaraa ishee godhe. \v 2 Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture; gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Innis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee \v 3 namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan. \s1 Waraana Filisxeemotatti Baname \r 2:4‑8 kwf – \xt 2Sm 21:15‑22\xt* \p \v 4 Ergasii immoo lafa Geezir jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni baname. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa sun Siifaay namicha gosa tokko Refaayin ajjeese; Filisxeemonnis ni bulaniif. \p \v 5 Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaaʼiir sun Lahemii obboleessa Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu qabu sanaa ni ajjeese. \p \v 6 Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture. Innis sanyii Raafaa keessaa dhalate. \v 7 Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis Yoonaataan ilmi Shimeʼaa obboleessi Daawit isa ajjeese. \p \v 8 Isaan kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha; isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman. \c 21 \s1 Daawit Loltoota Isaa Lakkaaʼe \r 21:1‑26 kwf – \xt 2Sm 24:1‑25\xt* \p \v 1 Seexanni Israaʼelitti kaʼee akka Daawit saba Israaʼel lakkaaʼuuf isa kakaase. \v 2 Kanaafuu Daawit Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaatiin, “Dhaqaatii Bersheebaadhaa hamma Daaniitti Israaʼeloota lakkaaʼaa. Ergasii immoo akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf deebiʼaatii natti himaa” jedhe. \p \v 3 Yooʼaab garuu deebisee, “\nd Waaqayyo\nd* loltoota isaa dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu. Yaa gooftaa koo mooticha, isaan hundi garboota gooftaa kootiif bulan mitii? Gooftaan koo maaliif waan kana gochuu barbaade? Inni maaliif Israaʼelitti yakka fida?” jedhe. \p \v 4 Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabin yaada geeddarachiise; kanaafuu Yooʼaab achii baʼee guutummaa Israaʼel keessa naannaʼee Yerusaalemitti deebiʼe. \v 5 Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii Daawititti hime; namoota Yihuudaa keessa jiraatan kuma dhibba afurii fi torbaatama dabalatee namoota goraadee qabachuu dandaʼan miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokkootu guutummaa Israaʼel keessa ture. \p \v 6 Sababii ajajni mootichaa Yooʼaabin jibbisiiseef inni gosoota Lewwiitii fi Beniyaam itti dabalee hin lakkoofne. \v 7 Ajajni kun fuula Waaqaa durattis waan hamaa ture; kanaafuu inni Israaʼelin rukute. \p \v 8 Kana irratti Daawit Waaqaan, “Ani waan kana gochuudhaan akka malee cubbuu hojjedheera. Amma garuu akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe. \p \v 9 \nd Waaqayyos\nd* Gaad raajii Daawit sanaan akkana jedhe; \v 10 “Dhaqiitii Daawitiin, ‘\nd Waaqayyo\nd* akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna. Akka ani isa sitti fiduuf, isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi.” \p \v 11 Kanaafuu Gaad gara Daawit dhaqee akkana jedheen; “\nd Waaqayyo\nd* akkana jedha: ‘Filannoo kee addaan baafadhu: \v 12 Beela waggaa sadii yookaan jiʼa sadii fuula diinota keetii dura ariʼamuu fi goraadee isaaniitiin balleeffamuu yookaan guyyaa goraadee \nd Waaqayyoo\nd* sadii jechuunis guyyoota dhaʼichi biyyattiitti buʼee ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* kutaa Israaʼel hunda balleessu.’ Egaa amma waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteeffadhu.” \p \v 13 Daawit immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa akka malee guddaa taʼeef ani harka \nd Waaqayyoo\nd* seenuu naaf wayya; garuu akka ani harka namaa seenu na hin godhin” jedhe. \p \v 14 Kanaafuu \nd Waaqayyo\nd* Israaʼelitti dhaʼicha ergee namoonni Israaʼel kuma torbaatama ni dhuman. \v 15 Waaqni akka inni Yerusaalem balleessuuf ergamaa isaa tokko erge. Garuu utuma ergamaan Waaqayyoo sun Yerusaalemin balleessuuf qophaaʼaa jiruu \nd Waaqayyo\nd* balaa sana argee gaabbee ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan Waaqayyoo sun oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa bira dhaabachaa ture. \p \v 16 Daawitis ol ilaalee ergamaa \nd Waaqayyoo\nd* kan goraadee luqqifamee Yerusaalemitti diriirfame harka isaatti qabatee samii fi lafa gidduu dhaabachaa jiru tokko ni arge. Daawitii fi maanguddoonni wayyaa gaddaa uffatanii fuula isaa duratti addaan lafatti ni gombifaman. \p \v 17 Daawit immoo Waaqaan, “Namni akka loltoonni lakkaaʼaman godhe ana mitii? Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa koo harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu; garuu akka dhaʼichi kun saba kee irra turu hin godhin” jedhe. \p \v 18 Ergasii ergamaan \nd Waaqayyoo\nd* akka Daawit ol baʼee oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa \nd Waaqayyoof\nd* ijaaru akka inni Daawititti himu Gaadin ajaje. \v 19 Kanaafuu Daawit dubbii Gaad maqaa \nd Waaqayyootiin\nd* isatti hime sanaaf ajajamee ol baʼe. \p \v 20 Ornaan utuu qamadii dhaʼuutti jiruu ol jedhee ergamaa Waaqayyoo sana arge; ilmaan isaa warri isa wajjin turan afranis ni dhokatan. \v 21 Ergasii Daawit achi gaʼe; Ornaanis yommuu milʼatee isa argetti oobdii sana keessaa baʼee fuula Daawit duratti addaan lafatti gombifamee sagade. \p \v 22 Daawitis, “Ani akka isa irratti iddoo aarsaa \nd Waaqayyoof\nd* tolchee akkasiin dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf oobdii kee naaf kenni. Gatii isaa guutuutti natti gurguri” jedheen. \p \v 23 Ornaanis Daawitiin, “Fudhadhu! Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu haa godhu. Kunoo ani aarsaa gubamuuf sangoota, qoraaniif ulee ittiin midhaan dhaʼan, kennaa midhaan dhiʼeeffamuufis qamadii nan kenna; ani waan kana hunda nan kenna” jedhe. \p \v 24 Daawit Mootichi garuu Ornaadhaan, “Kun hin taʼu; ani gatii isaa guutuu siifin kenna. Ani waan kan kee taʼe \nd Waaqayyoof\nd* hin fudhadhu yookaan waan gatii na hin baasisin aarsaa gubamuuf hin dhiʼeessu” jedhe. \p \v 25 Kanaafuu Daawit gatii lafa sanaa Ornaadhaaf warqee saqilii dhibbaa jaʼa kafale. \v 26 Daawitis achitti iddoo aarsaa \nd Waaqayyoof\nd* tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Innis \nd Waaqayyoon\nd* ni waammate; \nd Waaqayyos\nd* samiidhaa ibiddaan iddoo aarsaa gubamuu irratti isaaf deebii kenne. \p \v 27 Sana booddee \nd Waaqayyo\nd* ergamaa isaa sanatti dubbate; innis goraadee isaa manʼee isaatti ni deebise. \v 28 Daawit yeroo sanatti akka \nd Waaqayyo\nd* oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti deebii isaa kenne ni hubate; achittis aarsaa ni dhiʼeesse. \v 29 Dunkaanni \nd Waaqayyoo\nd* kan Museen gammoojjiitti hojjetee fi iddoon aarsaa gubamuu Gibeʼoon keessa gaara sagadaa irra ture. \v 30 Daawit garuu sababii goraadee ergamaa \nd Waaqayyoo\nd* sodaateef achi dhaqee fuula iddoo aarsaa sanaa duratti Waaqa kadhachuu hin dandeenye. \c 22 \p \v 1 Ergasii Daawit, “Kun mana \nd Waaqayyo\nd* Waaqaa ti; kun immoo iddoo aarsaa, aarsaan gubamu Israaʼeliif itti dhiʼeeffamuu dha” jedhe. \s1 Qophii Ijaarsa Mana Qulqullummaa \p \v 2 Kanaafuu Daawit akka alagoonni Israaʼel keessa jiraatan walitti qabaman ajaje; isaan keessaas akka isaan ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif dhagaa soofame qopheessaniif warra dhagaa cabsan ni filate. \v 3 Inni mismaara ittiin hundaa balbalaa hojjetanii fi miʼa ittiin walitti qabsiisan hojjechuudhaaf sibiila akka malee baayʼee fi naasii madaalliin isaa hamma hin qabne ni kenne. \v 4 Daawitis sababii warri Siidoonaatii fi warri Xiiroos birbirsa akka malee baayʼee isaaf fidaniif birbirsa baayʼinni isaa lakkaaʼamuu hin dandeenye ni kenne. \p \v 5 Daawit akkana jedhe; “Ilmi koo Solomoon ijoollee dha; muuxannoo illee hin qabu. Manni \nd Waaqayyoof\nd* ijaaramu kun immoo ulfina qabeessa, kan gurra qabuu fi kan fuula saboota hundaa duratti akka malee miidhagu taʼuu qaba. Kanaafuu ani isaaf qophii nan godha.” Akkasiin Daawit utuu hin duʼin qophii guddaa godhe. \p \v 6 Ergasii Daawit ilma isaa Solomoonin waamee akka inni \nd Waaqayyo\nd* Waaqa Israaʼeliif mana ijaaru isa ajaje. \v 7 Daawitis Solomooniin akkana jedhe: “Yaa ilma ko, ani Maqaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa kootiif mana ijaaruu yaadee ture. \v 8 Garuu dubbiin \nd Waaqayyoo\nd* akkana jedhee gara koo dhufe: ‘Ati dhiiga baayʼee dhangalaafteerta; lola hedduus lolteerta. Ati sababii fuula koo duratti dhiiga baayʼee lafa irratti dhangalaafteef Maqaa kootiif mana hin ijaartu. \v 9 Kunoo ilmi tokko siif ni dhalata; innis nama boqonnaa ni taʼa; anis diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda irraa boqonnaa nan kennaaf. Maqaan isaas Solomoon jedhama; ani bara mootummaa isaa keessa Israaʼeliif nagaa fi tasgabbii nan kenna. \v 10 Namni Maqaa kootiif mana ijaaru isa. Inni ilma naaf taʼa; anis abbaa nan taʼaaf. Teessoo mootummaa isaas Israaʼel irratti bara baraan jabeessee nan dhaaba.’ \p \v 11 “Egaa yaa ilma ko, akkuma inni waaʼee kee dubbate sanatti akka mana \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii ijaaruun siif milkaaʼuuf \nd Waaqayyo\nd* si wajjin haa taʼu. \v 12 Akka ati yommuu inni Israaʼel irratti aangoo siif kennutti seera \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keetii eegduuf \nd Waaqayyo\nd* ogummaa fi hubannaa siif haa kennu. \v 13 Akkasiin ati yoo ajajaa fi seera \nd Waaqayyo\nd* karaa Museetiin Israaʼeliif kenne sana akka gaariitti eegde ni milkoofta. Jabaadhu; onnoomis. Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin. \p \v 14 “Kunoo, ani ijaarsa mana \nd Waaqayyootiif\nd* warqee taalaantii\f + \fr 22:14 \fr*\ft Taalaantiin tokko kiiloo giraamii 34.\ft*\f* kuma dhibba tokko, meetii taalaantii miliyoona tokko, naasii fi sibiila akka malee baayʼee kan madaalamuu hin dandeenye, mukaa fi dhagaa illee qopheessuu irratti akka malee dadhabeera. Atis itti dabaluu ni dandeessa. \v 15 Ati hojjettoota hedduu qabda; isaanis: warra dhagaa cabsan, warra mana dhagaa ijaaranii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban, akkasumas namoota ogummaa hojii gosa gosaa, \v 16 kan hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, ogeeyyii hojii harkaa warra lakkoobsi isaanii hin beekamne qabda. Egaa amma hojii jalqabi; \nd Waaqayyos\nd* si wajjin haa taʼu.” \p \v 17 Ergasii Daawit akka isaan ilma isaa Solomoon gargaaraniif dura buutota Israaʼel hunda ni ajaje. \v 18 Akkanas isaaniin jedhe; “\nd Waaqayyo\nd* Waaqni keessan isin wajjin jira mitii? Inni gama hundaan boqonnaa isiniif kenneera mitii? Inni jiraattota biyya kanaa dabarsee natti kenneeraatii; biyyattiinis \nd Waaqayyoo\nd* fi saba isaatiif garboomteerti. \v 19 Amma \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan barbaaduuf garaa fi lubbuu keessan guutuudhaan kutadhaa kaʼaa. Akka taabota kakuu \nd Waaqayyootii\nd* fi miʼoota qulqulluu kan Waaqaa fiddanii mana qulqullummaa kan Maqaa \nd Waaqayyootiif\nd* ijaaramuuf jiru sanatti galchitaniif mana \nd Waaqayyo\nd* Gooftaa ijaaruu jalqabaa.” \c 23 \s1 Lewwota \p \v 1 Daawit erga waggaa hedduu jiraatee dulloomee booddee ilma isaa Solomoonin Israaʼel irratti mootii godhe. \p \v 2 Akkasumas Daawit dura buutota Israaʼel hunda, lubootaa fi Lewwota illee walitti qabe. \v 3 Lewwonni umuriin isaanii waggaa soddomaa fi hammasii olii ni lakkaaʼaman; baayʼinni dhiirotaa kuma soddomii saddeet taʼe. \v 4 Daawitis akkana jedhe; “Isaan kanneen keessaa kuma digdamii afur hojii mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* haa toʼatan; namoonni kuma jaʼa qondaaltotaa fi abbootii murtii haa taʼan. \v 5 Kumni afur eegdota balbalaa haa taʼan; kumni afur immoo miʼoota faarfannaa kanneen ani kaayyoo kanaaf kenneen \nd Waaqayyoon\nd* haa galateeffatan.” \b \lh \v 6 Daawitis Lewwota akkuma gosoota Lewwiitti garee gareen gargar ni qoode; isaanis: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii. \s1 Geershoonota \li1 \v 7 Gosa Geershoon keessaa: \li2 Laʼadaanii fi Shimeʼii. \li1 \v 8 Ilmaan Laʼadaanii: \li2 Yehiiʼeel hangafticha, Zeetaamii fi Yooʼeel; walumatti nama sadii turan. \li1 \v 9 Ilmaan Shimeʼii: \li2 Sheloomot, Haziiʼeelii fi Haaraan; walumatti nama sadii turan. \li2 Isaan kunneen hangafoota Maatii Laʼadaan turan. \li1 \v 10 Ilmaan Shimeʼii: \li2 Yahaati, Ziinaa, Yeʼuushii fi Beriiyaa. Isaan kunneen ilmaan Shimeʼii ti; \li2 walumatti nama afur turan. \li2 \v 11 Yahaati hangafa; Ziinaan lammaffaa; Yeʼuushii fi Beriiyaan garuu ilmaan baayʼee hin qaban; kanaafuu isaan akkuma maatii tokkootti lakkaaʼaman. \s1 Qohaatota \li1 \v 12 Ilmaan Qohaatii: \li2 Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel; walumatti nama afur turan. \li1 \v 13 Ilmaan Amraam: \li2 Aroonii fi Musee. \li2 Aroon akka innii fi sanyiin isaa wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼan Waaqaaf qulqulleessaniif, akka fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti aarsaa dhiʼeessaniif, akka fuula isaa dura tajaajilanii fi akka maqaa isaatiin eebba labsaniif bara baraan addaan baafaman. \v 14 Ilmaan Musee nama Waaqaa immoo gosa Lewwiitti dabalamanii lakkaaʼaman. \li1 \v 15 Ilmaan Musee: \li2 Geershoomii fi Eliiʼezer. \li1 \v 16 Ilmaan Geershoomii: \li2 Shebuuʼeel hangafa. \li1 \v 17 Ilmaan Eliiʼezerii keessaa: \li2 Rehaabiyaa hangafa. \li2 Eleʼaazaar ilmaan biraa hin qabu ture; ilmaan Rehaabiyaa garuu akka malee hedduu turan. \li1 \v 18 Ilmaan Yizihaar keessaa: \li2 Sheloomiit hangafta. \li1 \v 19 Ilmaan Kebroon; \li2 hangaftichi Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam. \li1 \v 20 Ilmaan Uziiʼeel: \li2 hangaftichi Miikaa, lammaffaan Yishiyaa. \s1 Meraarota \li1 \v 21 Ilmaan Meraarii: \li2 Mahilii fi Muusii. \li1 Ilmaan Mahilii: \li2 Eleʼaazaarii fi Qiish. \li2 \v 22 Eleʼaazaar utuu ilmaan hin dhalchin duʼe; inni intallan qofa qaba ture. Durbiiwwan isaanii ilmaan Qiishitu isaan fuudhe. \li1 \v 23 Ilmaan Muusii: \li2 Mahelii, Eederii fi Yereemooti; walumatti nama sadii turan. \b \lf \v 24 Isaan kunneen ilmaan Lewwii kanneen akkuma mana abbootii isaaniitti hangafoonni abbootii warri maqaa maqaadhaan galmeeffamanii tokko tokkoon lakkaaʼaman, hojjettoota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe warra mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessa tajaajilanii dha. \v 25 Daawit akkana jedhee tureetii; “\nd Waaqayyoo\nd* Waaqni Israaʼel saba isaatiif boqonnaa kenneera; bara baraanis Yerusaalem keessa ni jiraata; \v 26 siʼachi Lewwonni dunkaana yookaan miʼoota achi keessatti itti fayyadaman hin baatan.” \v 27 Akkuma qajeelcha Daawit dhuma irratti kenneetti, Lewwonni waggaa digdamaa fi sanaa olii hedamaniiruutii. \b \p \v 28 Hojiin Lewwotaas tajaajila mana qulqullummaa Waaqaa keessatti sanyiiwwan Aroonii gargaaruu dha; kunis oobdiiwwanii fi kutaawwan mana qulqullummaa eeguu, miʼoota qulqulluu qulqulleessuu fi hojiiwwan biraas mana \nd Waaqayyoo\nd* keessatti hojjechuu dha. \v 29 Akkasumas buddeena minjaala irra kaaʼuu, daakuu kennaa midhaanii, buddeena utuu hin bukaaʼin tolfame, tolchuu fi waliin makuu, safartuu fi madaalii hunda irratti itti gaafatamtoota turan. \v 30 Isaan guyyaa guyyaadhaan \nd Waaqayyoon\nd* galateeffachuu fi jajachuuf ganama ganama fuula isaa dura ni dhaabatu; galgala galgalas akkasuma ni godhu; \v 31 yeroo aarsaan gubamu guyyaa Sanbataa \nd Waaqayyoof\nd* dhiʼeeffamutti yeroo Ayyaana Baatii Haaraa fi gaafa ayyaana yeroon isaa murtaaʼe kamii iyyuu akkanuma ni godhu. Isaan yeroo hunda akkuma lakkoobsaa fi qajeelfama isaanii kennameetti fuula \nd Waaqayyoo\nd* dura tajaajilu ture. \p \v 32 Lewwonni akkasiin itti gaafatama dunkaana wal gaʼii fi Iddoo Qulqulluu eeguuf qaban raawwatan; akkasumas ajaja obboloota isaanii sanyiiwwan Aroon jalatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti qaban raawwachaa turan. \c 24 \s1 Ramadamuu lubootaa \p \v 1 Ilmaan Aroon akka armaan gadiitti ramadaman: \p Ilmaan Aroon Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar turan. \v 2 Naadaabii fi Abiihuu garuu utuu ijoollee hin dhalchin abbaa isaanii dursanii duʼan; kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar luboota taʼanii tajaajilan. \v 3 Daawitis gargaarsa Zaadoq sanyii Eleʼaazaar sanaatii fi Ahiimelek sanyii Iitaamaariin akkuma tajaajila isaaniitti garee gareen isaan ramade. \v 4 Sanyiiwwan Iitaamaarii caalaa sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa hooggantoonni hedduun ni argaman; isaanis akkanatti ramadaman: sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa abbootii maatii kudha jaʼa, sanyiiwwan Iitaamaar keessaa immoo abbootii maatii saddeet. \v 5 Isaan sababii sanyiiwwan Eleʼaazaarii fi sanyiiwwan Iitaamaar keessa qondaaltonni mana qulqullummaatii fi qondaaltonni Waaqaa turaniif loogii malee ixaadhaan isaan ramadan. \p \v 6 Shemaaʼiyaan ilmi Naatnaaʼel namicha gosa Lewwii barreessaan sun fuula mootichaatii fi qondaaltotaa duratti maqaa isaanii Zaadoq lubicha, Ahiimelek ilma Abiyaataar, abbootii maatiiwwan lubootaatii fi Lewwotaa, innis gosa Eleʼaazaar keessaa maatii tokko, gosa Iitaamaar keessaa immoo maatii tokko fuudhee barreesse. \b \li1 \v 7 Ixaan jalqabaa Yehooyaariibiif, \li1 lammaffaan Yedaaʼiyaaf, \li1 \v 8 sadaffaan Haariimiif, \li1 afuraffaan Seʼooriimiif, \li1 \v 9 shanaffaan Malkiyaaf, \li1 jaʼaffaan Miyaamiiniif, \li1 \v 10 torbaffaan Haqoosiif, \li1 saddeettaffaan Abiyaaf, \li1 \v 11 saglaffaan Yeeshuuʼaaf, \li1 kurnaffaan Shekaaniyaaf, \li1 \v 12 kudhan tokkoffaan Eliyaashiibiif, \li1 kudha lammaffaan Yaaqiimiif, \li1 \v 13 kudha sadaffaan Huphaaf, \li1 kudha afuraffaan Yeshebeʼaabiif, \li1 \v 14 kudhan shanaffaan Bilgaaf, \li1 kudha jaʼaffaan Imeeriif, \li1 \v 15 kudha torbaffaan Heeziiriif, \li1 kudha saddeettaffaan Haphizeeziif, \li1 \v 16 kudha saglaffaan Phetaayaaf, \li1 digdammaffaan Hisqiʼeeliif, \li1 \v 17 digdamii tokkoffaan Yaakiiniif, \li1 digdamii lammaffaan Gaamuuliif, \li1 \v 18 digdamii sadaffaan Delaayaaf, \li1 digdamii afuraffaan Maʼaaziyaaf baʼe. \b \p \v 19 Kun seera isaan yeroo mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* seenanitti ittiin tajaajilanii dha; seera kanas abbaa isaanii Aroonitu akkuma \nd Waaqayyo\nd* Waaqni Israaʼel isa ajajetti isaaniif kenne. \s1 Lewwota Hafan \lh \v 20 Ilmaan Lewwii warra hafan: \b \li1 Ilmaan Amraamii keessaa: Shuubaaʼeel; \li2 ilmaan Shuubaaʼeel keessaa: Yehideyaa. \li1 \v 21 Ilmaan Rehaabiyaa keessaa: Yishiyaa hangafticha. \li1 \v 22 Yizihaarota keessaa: Sheloomiit; \li2 ilmaan Sheloomiit keessaa immoo: Yahaati. \li1 \v 23 Ilmaan Kebroon: Inni jalqabaa Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam. \li1 \v 24 Ilma Uziiʼeel: Miikaa. \li2 Ilmaan Miikaa keessaa: Shaamiir. \li2 \v 25 Obboleessa Miikaa: Yishiyaa; \li2 Ilmaan Yishiyaa keessaa: Zakkaariyaas. \li1 \v 26 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. \li2 Ilma Yaʼaziyaa: Banoo. \li1 \v 27 Ilmaan Meraarii: \li2 Yaʼaziyaa irraa: Banoo, Shohaam, Zakuurii fi Ibrii. \li1 \v 28 Mahilii irra: Eleʼaazaar; namichi kun ilmaan hin qabu ture. \li1 \v 29 Qiish irraa: Yeramiʼeel ilma Qiish. \li1 \v 30 Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yeriimooti. \b \lf Isaan kunneen akkuma mana abbootii isaaniitti ilmaan Lewwotaa ti. \b \p \v 31 Isaanis akkuma obboloota isaanii ilmaan Aroon sana fuula Daawit Mootichaa duratti, fuula Zaadoq, Ahiimelek, fuula hangafoota maatii lubootaatii fi Lewwotaa duratti ixaa buufatan. Maatii obboleessa hangaftichaatiifis akkuma maatii obboleessa quxisuutti ixaan buʼe. \c 25 \s1 Faarfattoota \p \v 1 Daawit ajajjoota loltootaa wajjin akka isaan kiraaraan, baganaa fi kililleetti fayyadamanii raajii dubbataniif maatii Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun keessaa namoota addaan baafate. Maqaan namoota tajaajila kana kennaa turaniis: \b \li1 \v 2 Ilmaan Asaaf keessaa: \li2 Zakuur, Yoosef, Naataaniyaa fi Asareelaa. Ilmaan Asaaf qajeelcha Asaaf jala turan. Asaaf immoo qajeelcha mootichaa jalatti raajii dubbachaa ture. \li1 \v 3 Ilmaan Yeduutuun keessaa: \li2 Gedaaliyaas, Zerii, Isaayyaas, Sameeʼi, Hashabiyaa fi Matiitiyaa. Isaan kunneen jaʼan qajeelcha abbaa isaanii Yeduutuun isa kiraaraan \nd Waaqayyo\nd* galateeffachaa fi jajachaa raajii dubbachaa ture sanaa jala turan. \li1 \v 4 Ilmaan Heemaan keessaa: \li2 Bukiyaa, Mataaniyaa, Uziiʼeel, Shebuuʼeelii fi Yeriimooti; Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliiʼaataa, Gidaltii fi Roomaamti-Ezer; Yoshibqaashaa, Malootii, Hootiirii fi Mahaaziyoo ti. \v 5 Isaan kunneen hundi ilmaan Heemaan namicha mootichaaf mulʼata argu sanaa turan. Isaan akka isa kabajaniif akkuma Waaqni abdachiise sanatti isaa ni kennaman. Waaqnis ilmaan kudha afurii fi intallan sadii Heemaaniif ni kenne. \b \p \v 6 Namoonni kunneen hundi tajaajila mana Waaqaa keessatti faarfannaa kililleedhaan, kiraaraa fi baganaadhaan mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti faarfatamu sanaaf qajeelcha abbootii isaanii jala turan. \p Asaaf, Yeduutuunii fi Heemaan immoo qajeelcha mootichaa jala turan. \v 7 Isaanii fi firoonni isaanii kanneen hundi isaanii faarfannaa \nd Waaqayyoof\nd* faarfatamuun leenjifamanii ogummaa qaban walumaa galatti 288 turan. \v 8 Jarris ramaddii isaanii beekuudhaaf xinnaa fi guddaan, barsiisaa fi barataan haaluma wal fakkaatuun ixaa buufatan. \b \li1 \v 9 Ixaan jalqabatti Asaafiif buʼe sun Yoosefiif, // ilmaan Yoosefiitii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaaniis kudha lama turan \li1 lammaffaan Gedaaliyaasiif, // isaaf, firoota isaatii fi ilmaan isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 10 sadaffaan Zakuuriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 11 afuraffaan Izriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 12 shanaffaan Naataaniyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 13 jaʼaffaan Bukiyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 14 torbaffaan Yishiriʼeeliif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 15 saddeettaffaan Yashaayaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 16 saglaffaan Mataaniyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 17 kurnaffaan Shimeʼiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 18 kudha tokkoffaan Azariʼeeliif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 19 kudha lammaffaan Hashabiyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 20 kudha sadaffaan Shuubaaʼeeliif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 21 kudha afuraffaan Matiitiyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 22 kudha shanaffaan Yereemootiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii nama kudha lama turan \li1 \v 23 kudha jaʼaffaan Hanaaniyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 24 kudha torbaffaan Yoshibqaashaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 25 kudha saddeettaffaan Hanaaniif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii nama kudha lama turan \li1 \v 26 kudha saglaffaan Malootiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 27 digdammaffaan Eliyaataaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 28 digdamii tokkoffaan Hootiiriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 29 digdamii lammaffaan Gidaltiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 30 digdamii sadaffaan Mahaaziyootiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan \li1 \v 31 digdamii afuraffaan Roomaamti-Ezeriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan. \c 26 \s1 Eegdota Balbalaa \lh \v 1 Akka itti eegdonni karraa qoodaman: \b \lh Gosa qoree keessaa: \li1 Ilmaan Asaaf keessaa Mesheleemiyaa ilma Qooraahi. \li1 \v 2 Mesheleemiyaa ilmaan qaba ture; isaanis: \li2 Inni hangafti Zakkaariyaas, lammaffaan Yediiʼeel, \li2 sadaffaan Zabaadiyaa, Afuraffaan Yatniiʼeel, \li2 \v 3 inni shanaffaan Eelaam, jaʼaffaan Yehohaanaan, \li2 torbaffaan Eliihooʼeenayi. \li1 \v 4 Oobeed Edoomis akkasuma ilmaan qaba ture; isaanis: \li2 Inni hangafti Shemaaʼiyaa, lammaffaan Yehoozaabaad, \li2 sadaffaan Yooʼaa, afuraffaan Saakaar, \li2 shanaffaan Naatnaaʼel, \v 5 jaʼaffaan Amiiʼeel, \li2 torbaffaan Yisaakor, saddeettaffaan Pheʼuletii; \li2 Waaqni Oobeed Edoomin eebbiseeraatii. \li1 \v 6 Shemaaʼiyaan ilmi isaas ilmaan qaba ture; isaanis waan dandeettii guddaa qabaniif qajeelchitoota maatii abbaa isaanii turan. \v 7 Ilmaan Shemaaʼiyaa: \li2 Otnii, Raafaaʼeel, Oobeedii fi Elzaabaad; \li2 firoonni isaa Eliihuu fi Samaakiyaanis dandeettii guddaa qabu ture. \lf \v 8 Isaan kunneen hundi ilmaan Oobeed Edoom; isaan, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii namoota jajjaboo dandeettii hojii qaban turan; ilmaan Oobeed Edoom; walumatti nama 62 turan. \lf \v 9 Mesheleemiyaa fi firoota dandeettii guddaa qaban qaba ture; isaanis walumatti nama 18 turan. \b \li1 \v 10 Hoosaan inni gosa Meraarii sun ilmaan qaba ture; isaanis: \li2 Shimriin dura buʼaa ture; inni hangafa taʼuu baatu iyyuu abbaan isaa dura buʼaa isa godhee ture; \li2 \v 11 inni lammaffaan Hilqiyaa, inni sadaffaan Xibaliyaa, \li2 inni afuraffaan Zakkaariyaas. \lf Ilmaanii fi firoonni Hoosaa walumatti nama 13 turan. \b \lh \v 12 Garee eegdota karraa kana keessaa hangafoota isaaniitiif hojiin akkuma firoonni isaanii hojjetan sanaa mana \nd Waaqayyoo\nd* keessa tajaajiluu ni kennameef. \v 13 Tokkoo tokkoo balbalaatiifis akkuma maatii maatii isaaniitti xinnaa guddaaf ixaan buʼe. \li1 \v 14 Ixaan Karra Baʼa Biiftuu Shelemiyaaf baʼe. \li1 Ergasii immoo Zakkaariyaas ilma isaa gorsituu ogeessa sanaaf ixaan buʼe; ixaan balbala kaabaa isaaf baʼe. \li1 \v 15 Ixaan Karra gama kibbaa Oobeed Edoomiif, kan mankuusaa immoo ilmaan isaatiif baʼe. \li1 \v 16 Ixaan Karra Lixa biiftuutii fi Karra Shaleekeet kan daandii olii irratti argamu Shufiimii fi Hoosaaf baʼe. \b \lh Eegumsa tokko fuulleedhaan eegumsa biraatu ture: \li1 \v 17 Karaa baʼa biiftuutiin guyyaa guyyaatti Lewwota jaʼa, \li1 karaa kaabaatiin guyyaa guyyaatti afur, \li1 karaa kibbaatiin guyyaa guyyaatti afur \li1 karaa mankuusaa immoo yeroo tokkotti lamatu ture. \li1 \v 18 Oobdii gama lixa biiftuutiin jiruuf daandii irra afur, waltajjicha gubbaa immoo lamatu ture. \b \lf \v 19 Isaan kunneen garee eegdota karraa kanneen ilmaan Qooraahiitii fi Meraarii keessaa dhufanii dha. \s1 Toʼattoota Qabeenyaatii fi Qondaaltota Biraa \p \v 20 Lewwota keessaa Ahiiyaan itti gaafatamaa qabeenya mana Waaqaatii fi itti gaafatamaa miʼoota qulqulleeffamanii ture. \p \v 21 Sanyiiwwan Laʼadaan kanneen karaa Laʼadaaniitiin Geershoonota taʼan warri hangafoota maatii Laʼadaan namicha gosa Geershoon sanaa turan: Yehiiʼeelii, \v 22 ilmaan Yehiiʼeelii, Zeetaamii fi obboleessa isaa Yooʼeel. Isaan kunis itti gaafatamtoota qabeenya mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* turan. \b \lh \v 23 Amraamota keessaa, Yizihaarota keessaa, Kebroonota keessaa, Uziiʼeel keessaa: \b \li2 \v 24 Shebuuʼeel ilmi Geershoom ilma Musee sanaa itti gaafatamaa qabeenyaa hangafa ture. \v 25 Namoonni karaa Eliiʼezeriitiin firoota isaa taʼan immoo: ilma isaa Rehaabiyaa, ilma isaa Isaayyaas, ilma isaa Yooraam, ilma isaa Zikrii fi ilma isaa Sheloomiit. \v 26 Sheloomiitii fi firoonni isaa mankuusaa miʼoota Daawit mootichi, hangafoonni maatiiwwanii kanneen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa turan, akkasumas ajajjoonni loltootaa biraa Waaqaaf addaan baasan irratti itti gaafatamtoota turan. \v 27 Isaan boojuu waraanaan argame keessaa gara tokko haaromsuu mana qulqullummaa \nd Waaqayyootiif\nd* addaan baasanii kennan. \v 28 Waan Saamuʼeel namichi mulʼata argu sun, Saaʼol ilmi Qiish, Abneer ilmi Neerii fi Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiʼeessanii fi waan Waaqaaf addaan baafame hunda Sheloomiitii fi firoota isaatu eega ture. \li2 \v 29 Yizihaarota keessaa: \li2 Kenaaniyaa fi ilmaan isaa hojii mana qulqullummaatiin ala taʼetti Israaʼeloota irratti qondaaltotaa fi abbootii murtii taʼanii ramadaman. \li2 \v 30 Kebroonota keessaa: \li2 Hashabiyaa fi firoonni isaa kanneen dandeettii qaban kuma tokkoo fi dhibba torba biyya Israaʼel kan Yordaanosiin gama lixa biiftuu jirutti hojii \nd Waaqayyoo\nd* hundaa fi tajaajila mootichaa irratti itti gaafatamtoota turan. \v 31 Kebroonota keessaa akkuma galmee hiddaa dhaloota maatii isaaniitti Yeriyaan hangafa isaanii ture. \li2 Bara mootummaa Daawit keessa waggaa afurtamaffaatti galmeewwan ilaalamanii gosa Kebroon keessaa namoonni dandeettii qaban Yaʼizeer biyya Giliʼaadi keessaa sanatti argaman. \v 32 Yiriiyaan firoota dandeettii qaban kanneen hangafoota maatii turan kuma lamaa fi dhibba torba qaba ture; Daawit mootichis waan kan Waaqaa taʼeef dhimma mootichaa hunda irratti gosa Ruubeen gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee toʼattoota godhe. \c 27 \s1 Kutaawwan Loltootaa \lh \v 1 Lakkoobsi ijoollee Israaʼel hangafoonni maatii isaanii, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni isaanii warri waan kutaawwan loltootaa kanneen waggaa guutuu jiʼa jiʼaan hojiitti ramadaman sanaa ilaalu hunda irratti mooticha tajaajilan kanaa dha. Tokkoon tokkoon kutaawwan loltootaa kunis nama 24,000 of keessaa qaba ture. \b \li1 \v 2 Jiʼa jalqabaatiif ajajaan kutaa loltootaa kan duraa Yaashobiʼaam ilma Zabdiiʼeel ture. Kutaa loltoota isaa keessas loltoota 24,000 ture. \v 3 Innis sanyii Faaresii fi hangafa ajajjoota kutaa loltoota hundaa kan jiʼa jalqabaa ture. \li1 \v 4 Doodaayi namichi Ahooʼaa ajaja kutaa waraanaa kan jiʼa lammaffaaf ture; Miiqlooti hoogganaa kutaa waraana isaa ture. Kutaan waraana isaas namoota 24,000 of keessaa qaba ture. \li1 \v 5 Ajajaan kutaa waraanaa sadaffaan kan jiʼa sadaffaa immoo Benaayaa ilma Yehooyaadaa lubichaa ture. Innis hangafa; kutaan waraana isaa namoota 24,000 of keessaa qaba ture. \v 6 Benaayaa kun isuma warra soddoma keessaa nama jabaa fi ajajaa warra soddoma sanaa ture sanaa dha. Amiizaabaad ilmi isaa immoo ajajaa kutaa waraana isaa ture. \li1 \v 7 Jiʼa afuraffaaf ajajaan kuta afuraffaa Asaaheel obboleessa Yooʼaab ture; kan iddoo isaa buʼe immoo ilma isaa Zebaadiyaa dha. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan. \li1 \v 8 Jiʼa shanaffaaf ajajaan kutaa shanaffaa Shamhuuti namicha Yizraa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan. \li1 \v 9 Jiʼa jaʼaffaaf Iiraa ilmi Iqeesh namicha Teqooʼaa sanaa ajajaa jaʼaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan. \li1 \v 10 Jiʼa torbaffaaf Heleez namichi Pheloonaa kan gosa Efreem sun ajajaa torbaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan. \li1 \v 11 Jiʼa saddeettaffaaf Siibekaay namichi biyya Hushaa kan gosa Zaarotaa ajajaa saddeettaffaa ture; kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan. \li1 \v 12 Jiʼa saglaffaaf Abiiʼezer namicha Anaatootii kan gosa Beniyaam sanattu ajajaa saglaffaa ture; kutaa isaa keessaa namoota 24,000 turan. \li1 \v 13 Jiʼa kurnaffaaf Maharaayi namicha Netoof kan gosa Zaaraa sanatu ajajaa kurnaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan. \li1 \v 14 Jiʼa kudha tokkoffaaf ajajaan kudha tokkoffaan Benaayaa namicha Phiraatoon kan gosa Efreem sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan. \li1 \v 15 Jiʼa kudha lammaffaaf ajajaan kudha lammaffaan Heldaayi namicha Netoof kan gosa Otniiʼeel sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan. \s1 Hangafoota Gosootaa \lh \v 16 Hangafoonni gosoota Israaʼel: \b \li1 Gosa Ruubeen irratti: Eliiʼezer ilma Zikrii; \li1 gosa Simiʼoon irratti: Shefaaxiyaa ilma Maʼakaa; \li1 \v 17 gosa Lewwii irratti: Hashabiyaa ilma Qemuuʼeel; \li1 gosa Aroon irratti: Zaadoq; \li1 \v 18 gosa Yihuudaa irratti: Eliihuu obboleessa Daawit; \li1 gosa Yisaakor irratti: Omrii ilma Miikaaʼel; \li1 \v 19 gosa Zebuuloon irratti: Yishmaʼiyaaʼuu ilma Obaadiyaa; \li1 gosa Niftaalem irratti: Yeriimooti ilma Azriiʼeel; \li1 \v 20 gosa Efreem irratti: Hoosheeʼaa ilma Azaziyaa; \li1 walakkaa gosa Minaasee irratti: Yooʼeel ilma Phedaayaa; \li1 \v 21 walakkaa gosa Minaasee kan Giliʼaad keessa jiraatuu irratti: \li1 Iddoo ilma Zakkaariyaas; gosa Beniyaam irratti: Yaʼisiiʼel ilma Abneer; \li1 \v 22 gosa Daan irratti: Azariʼeel ilma Yirooham. \b \lf Hangafoonni gosoota Israaʼel isaan kanneen turan. \b \p \v 23 Daawit sababii \nd Waaqayyo\nd* saba Israaʼel akkuma urjiiwwan samiitti baayʼisuuf waadaa galeef dhiira waggaa digdamaatii fi digdamaa gad taʼe hin lakkoofne. \v 24 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiirota lakkaaʼuu jalqabe malee lakkaaʼee hin fixne; sababii lakkoobsa kanaatiifis dheekkamsi Waaqaa Israaʼelitti dhufe; kanaafuu warri hedaman iyyuu galmee Daawit mootichaa keessatti hin galmeeffamne. \s1 Shuumota Mootichaa \li1 \v 25 Azmaawet ilmi Aadiiʼeel shuumii mankuusaa qabeenya mootii ture. \li1 Yoonaataan ilmi Uziyaa immoo shuumii miʼoota aanaalee, magaalaawwan, kan gandootaatii fi gamoowwan eegumsaa ture. \li1 \v 26 Ezeriin ilmi Kiluub shuumii qonnaan bultootaa ture. \li1 \v 27 Shimeʼiin namichi Raamaatii sun itti gaafatamaa iddoo dhaabaa wayinii ture. \li1 Zabdiin namichi Shifaamii sun itti gaafatamaa mana cuunfaa wayinii iddoo dhaabaa wayinii keessaa ture. \li1 \v 28 Baʼaal-Haanaan namichi Gedeeraa sun shuumii mukkeen ejersaatii fi harbuu tabbawwan gaarran gama lixa biiftuutti argamanii ture. \li1 Yooʼaash immoo shuumii mana zayitii ejersaa ture. \li1 \v 29 Shitraayi namichi Shaaroon shuumii karra loonii kan Shaaroonitti bobbaʼuu ture. \li1 Shaafaax ilmi Aadilaay shuumii karra loowwan sulula keessa jiranii ture. \li1 \v 30 Oobiil namichi gosa Ishmaaʼeel sun shuumii gaalawwanii ture. \li1 Yehideyaan namichi gosa Meeroonotaa shuumii harrootaa ture. \li1 \v 31 Yaaziiz namichi gosa Aggaar itti gaafatamaa bushaayee ture. \lf Isaan kunneen hundi shuumota qabeenya Daawit mootichaa turan. \b \li1 \v 32 Yoonaataan eessumni Daawit namichi beekaan barreessaan sun gorsituu ture; \li1 Yehiiʼeel ilmi Hakmoonii immoo eegduu ilmaan mootichaa ture. \li1 \v 33 Ahiitofel gorsaa mootichaa ture. \li1 Huushaayi namichi gosa Arki immoo michuu mootichaa ture. \lf \v 34 Yehooyaadaan ilmi Benaayaatii fi Abiyaataar iddoo Ahiitofel buʼan. \li1 Yooʼaab immoo ajajaa eegdota mootummaa ture. \c 28 \s1 Karoora Daawit Mana Qulqullummaatiif Baase \p \v 1 Daawit akka isaan Yerusaalemitti walitti qabamaniif hangafoota Israaʼel hunda ni waame; isaanis: Geggeessitoota gosootaa, tajaajila mootummaa keessatti ajajjoota kutaawwan loltootaa, ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa, warra qabeenyaa fi horii mootichaatii fi kan ilmaan isaa irratti itti gaafatamtoota taʼan, qondaaltota masaraa mootummaa, namoota jajjaboo fi gootota waraanaa hunda. \p \v 2 Ergasii Daawit Mootichi kaʼee dhaabatee akkana jedhe: “Yaa obboloota koo fi yaa saba ko, mee na dhagaʼaa. Ani taabota kakuu \nd Waaqayyootiif\nd* iddoo inni boqotu, Waaqa keenyaaf immoo iddoo inni miilla dhaabatu ijaaruu yaadee qophaaʼeera. \v 3 Waaqni garuu, ‘Ati sababii lola hedduu loltee dhiiga baayʼee dhangalaafteef maqaa kootiif mana hin ijaartu’ naan jedhe. \p \v 4 “Taʼus \nd Waaqayyo\nd*, Waaqni Israaʼel akka ani bara baraan Israaʼel irratti mootii taʼuuf mana abbaa koo keessaa na filate. Akka inni dura buʼaa taʼuufis Yihuudaa filate; mana Yihuudaa keessaa maatii koo filate; ilmaan abbaa kootii keessaa immoo akka ani guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼu jaallate. \v 5 \nd Waaqayyo\nd* ilmaan baayʼee naa kenneera; ilmaan koo hunda keessaa immoo akka inni teessoo mootummaa \nd Waaqayyoo\nd* irra taaʼee saba Israaʼel bulchuuf ilma koo Solomoonin filate. \v 6 Akkanas naan jedhe; ‘Kan mana koo fi oobdiiwwan koo naaf ijaaru ilma kee Solomoonii dha; ani akka inni ilma naa taʼuuf isa filadheeraatii; anis abbaa isaa nan taʼa. \v 7 Yoo inni akkuma ammaa kanatti ittuma fufee ajaja koo fi seera koo eege ani bara baraan mootummaa isaa jabeessee nan dhaaba.’ \p \v 8 “Kanaafuu akka isin lafa gaarii kana dhaaltanii ilmaan keessaniif dhaala bara baraa dabarsitaniif, akka isin ajaja \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessanii hunda eegdanii fi isa duukaa buutaniif ani amma fuula Israaʼeloota hundaa duratti, waldaa \nd Waaqayyoo\nd* duratti, akkasumas utuu Waaqni keenya dhagaʼuu isinin ajaja. \p \v 9 “Yaa ilma koo Solomoon atis Waaqayyo Waaqa abbaa keetii beekii garaa tokkoo fi qalbii fedhii qabuun isa tajaajili; \nd Waaqayyo\nd* waan garaa namaa keessa jiru hunda qoree karooraa fi yaada hunda hubataatii. Yoo ati isa barbaadde inni siif argama; yoo ati isa dhiifte garuu inni bara baraan si dhiisa. \v 10 Amma qalbeeffadhu; \nd Waaqayyo\nd* akka ati mana iddoo qulqulluu taʼu tokko ijaartuuf si filateeraatii. Jajjabaadhuu hojjedhu.” \p \v 11 Ergasii Daawit karoora gardaafoo mana qulqullummaa, kan ijaarsa isaa, kutaawwan miʼi keessa kaaʼamu, kan kutaawwan ol aananiitii fi kutaawwan keessaa, akkasumas karoora iddoo teessoo araaraa ilma isaa Solomoonitti kenne. \v 12 Akkasumas karoora waan Hafuurri qulqulluun isa yaachisee kan oobdii mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd*, kan kutaawwan naannoo isaa jiranii, kutaawwan mana miʼa mana qulqullummaa Waaqaatii fi kan mankuusaa miʼoota Waaqaatiif addaan baafamanii hunda itti kenne. \v 13 Karoora ramaddii hojii lubootaatii fi Lewwotaa, tajaajila mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* keessatti kennamuu maluu hunda, miʼoota mana qulqullummaa keessatti tajaajilaaf oolan irrattis qajeelfama ni kenneef. \v 14 Ulfina warqee miʼoota warqee irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaatii fi ulfina meetii miʼoota meetii irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaas isa beeksise: \v 15 Kunis ulfina baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetamaniitii fi ibsaawwan isaanii, ulfina warqee tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaa isaanii wajjin, akkasumas akkuma hojii tokkoo tokkoo baattuu ibsaa sanaatti ulfina meetii tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaawwan isaa, \v 16 ulfina warqee tokkoo tokkoo minjaala buddeenni qulqulluun irra kaaʼamuu, ulfina meetii minjaalli irraa hojjetame, \v 17 ulfina warqee qulqulluu falʼaana, waciitii fi kubbaayyaa, ulfina warqee tokkoo tokkoo caabii warqee irraa hojjetame; ulfina meetii tokkoo tokkoo caabii meetii irraa hojjetame; \v 18 akkasumas ulfina warqee qulqulleeffame kan iddoo aarsaa ixaanaatiif qopheeffame. Karoora gaarii jechuunis kiirubeelii warqee irraa hojjetaman kanneen qoochoo isaanii babalʼisanii taabota kakuu \nd Waaqayyoo\nd* haguugan itti kenne. \p \v 19 Daawitis, “Ani waan kana hunda harka \nd Waaqayyoo\nd* kan narra jiru sanaan barreeffamaan argadhe; innis karoora hojii kanaa hunda irratti hubannaa naaf kenne” jedhe. \p \v 20 Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe; “Cimi; jajjabaadhus; hojii sanas hojjedhu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin; \nd Waaqayyo\nd* Gooftaan Waaqni koo si wajjin jiraatii. Inni hamma hojiin tajaajila mana qulqullummaa \nd Waaqayyoo\nd* dhumutti si hin dhiisu yookaan si hin gatu. \v 21 Gareen lubootaatii fi Lewwotaa ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif qophaaʼoo dha. Namni fedhii qabu kan ogummaa hojii gosa kamii iyyuu qabu hundii hojii hunda si gargaara. Qondaaltonnii fi namoonni hundii ajaja kee hunda ni fudhatu.” \c 29 \s1 Kennaa Ijaarsa Mana Qulqullummaatiif Kenname \p \v 1 Ergasii Daawit mootichi yaaʼii guutuudhaan akkana jedhe; “Ilmi koo Solomoon inni Waaqni filate ijoollee fi nama muuxannoo hin qabnee dha. Manni qulqullummaa kun kan \nd Waaqayyo\nd* Gooftaati malee waan kan namaa hin taʼiniif hojiin isaa guddaa dha. \v 2 Anis waanan kennuu dandaʼu hunda mana qulqullummaa Waaqa kootiif, hojii warqeetiif warqee, kan meetiitiif meetii, kan naasiitiif naasii, kan sibiilaatiif sibiila, kan mukaatiif muka akkasumas waan bareedina duuba isaatiif oolu sardooniksii, keelqedoon, dhagaawwan babbareedoo fi dhagaa adii baayʼinaan qopheesseera. \v 3 Kana malees ani jaalalan mana Waaqa kootiif qabuun waanan duraan kennee turetti dabalee qabeenya ofii koo irraa warqee fi meetii mana qulqullummaa Waaqa kootiif nan kenna; \v 4 kunis keenyan manichaatti uffisuuf warqee qulqulluu warqee, Oofiirii taalaantii kuma sadii fi meetii qulqulleeffame taalaantii kuma torba, \v 5 akka hojiin hundi ogeeyyii hojii harkaatiin hojjetamuuf warqee hojii warqeetiif, meetii illee hojii meetiif kenneera. Egaa harʼa eenyutu fedhii isaatiin \nd Waaqayyoof\nd* addaan of baasa?” \p \v 6 Ergasii qajeelchitoonni maatii, ajajjoonni gosoota Israaʼel, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni hojii mootii toʼatan kennaa isaanii fedhiidhaan kennan. \v 7 Isaanis hojii ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif warqee taalaantii kuma shan, warqee daariikii kuma kudhan, meetii taalaantii kuma kudhan, naasii taalaantii kuma kudha saddeetii fi sibiila taalaantii kuma dhibba tokko ni kennan. \v 8 Namni dhagaawwan gati jabeeyyii qabu hundinuus harka Yehiiʼeel namicha gosa Geershoonitti mankuusaa mana qulqullummaa \nd Waaqayyootti\nd* ni galche. \v 9 Kana irratti waan dura deemtonni isaa fedhii fi garaa guutuudhaan \nd Waaqayyoof\nd* kennaniif sabni sun ni gammade. Daawit mootichis akka malee ni gammade. \s1 Kadhannaa Daawit \p \v 10 Daawit yaaʼii guutuu duratti akkana jedhee \nd Waaqayyo\nd* galateeffate; \q1 “Yaa \nd Waaqayyo\nd*, Waaqa abbaa keenya Israaʼel \q2 bara baraa hamma bara baraatti \q2 galanni siif haa taʼu. \q1 \v 11 Yaa \nd Waaqayyo\nd* sababii wanni samii fi \q2 lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni, \q2 ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti. \q1 Yaa \nd Waaqayyo\nd* mootummaan kan kee ti; \q2 ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha. \q1 \v 12 Badhaadhummaa fi kabajamuun si biraa argama; \q2 ati bulchaa waan hundaa ti. \q1 Ol ol guddisuu fi waan hundaaf \q2 jabina kennuuf, jabinnii fi humni si harka jira. \q1 \v 13 Ammas yaa Waaqa keenya, si galateeffanna; \q2 maqaa kee ulfina qabeessa sanas ni jajanna. \p \v 14 “Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine. \v 15 Nu akkuma abbootiin keenya hundi turan sana fuula kee duratti alagootaa fi keessummoota; barri jireenya keenyaas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti; abdii illee hin qabnu. \v 16 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa keenya, wanni nu Maqaa kee Qulqullichaaf mana qulqullummaa siif ijaaruuf kennine kun hundinuu harka keetii dhufe; hundi isaas keetuma. \v 17 Yaa Waaqa koo akka ati garaa qortuu fi qajeelummaa jaallattu ani beeka. Anis waan kana hunda amanamummaa fi fedhiidhaanan kenne. Ammas akka sabni kee kan as jiru kun fedhiidhaan siif kenne ani argee gammadeera. \v 18 Yaa \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii keenyaa, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa Israaʼel fedhii kana bara baraan garaa saba keetii keessa tursi; akka garaan isaaniis amanamaa siif taʼu godhi. \v 19 Ilma koo Solomooniifis akka inni ajaja kee, qajeelchaa fi labsii kee eegu, akka inni waan kana hunda hojjetee mana qulqullummaa kan ani gumaata godheef kana illee ijaaruuf fedhii garaa guutuu kenniif.” \p \v 20 Sana booddees Daawit yaaʼii guutuudhaan, “\nd Waaqayyo\nd* Waaqa keessan galateeffadhaa” jedhe. Kanaafuu hundi isaanii \nd Waaqayyo\nd* Waaqa abbootii isaanii ni galateeffatan; fuula \nd Waaqayyootii\nd* fi fuula mootichaa duratti addaan gombifamanii ni sagadan. \s1 Solomoon Mootii Taʼuun Isaa Beekame \r 29:21‑25 kwf – \xt 1Mt 1:28‑53\xt* \p \v 21 Isaanis guyyaa itti aanutti \nd Waaqayyoof\nd* qalma qalanii aarsaa gubamu dhiʼeessan; aarsaan maqaa Israaʼelootaatiin dhiʼaates: korommii loonii kuma tokko, korbeeyyii hoolaa kuma tokko, korbeeyyii hoolaa xixinnaa kuma tokko, dhibaayyuu fi aarsaawwan biraa baayʼee dha. \v 22 Isaanis gaafa sana fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti gammachuu guddaadhaan nyaatanii dhugan. \p Ergasii immoo Solomoon ilma Daawit mootii godhanii akka inni bulchaa taʼuuf fuula \nd Waaqayyoo\nd* duratti yeroo lammaffaa diban; Zaadoqiin immoo luba godhan. \v 23 Kanaafuu Solomoon iddoo abbaa isaa Daawit mootii taʼee teessoo \nd Waaqayyoo\nd* irra taaʼe. Ni milkaaʼes; Israaʼeloonni hundis isaaf ajajaman. \v 24 Ajajjoonni waraanaatii fi namoonni jajjaboon hundi akkasumas ilmaan Daawit mootichaa hundi amanamummaa isaanii Solomoon Mootichaaf mirkaneessan. \p \v 25 \nd Waaqayyos\nd* Israaʼeloota duratti Solomoonin ol ol kaase; ulfina mootummaa kan mootonni isa dura turan tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin qabaatin ni kenneef. \s1 Duʼa Daawit \r 29:26‑28 kwf – \xt 1Mt 2:10‑12\xt* \p \v 26 Daawit ilmi Isseey guutummaa Israaʼel irratti mootii ture. \v 27 Innis waggaa afurtama Israaʼelin bulche; waggaa torba Kebroon taaʼee, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalem taaʼee ni bulche. \v 28 Daawit bara dheeraa jiraatee, badhaadhummaa fi ulfina argatee dulloomee duʼe. Ilmi isaa Solomoon mootii taʼee iddoo isaa buʼe. \p \v 29 Hojiin bara mootummaa Daawit Mootichaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba Seenaa Saamuʼeel namicha mulʼata argu sanaa keessatti, kitaaba seenaa Naataan raajichaa keessattii fi kitaaba seenaa Gaad namicha mulʼata argu sanaa keessatti, \v 30 bulchiinsi isaa hundii fi humni isaa, barri inni, Israaʼelii fi mootummoonni biyyoota hundaa keessa darban barreeffameera.