\id ZEP - Guji Bible \ide UTF-8 \h Sefaaniyaa Raagichaa \toc1 Kitaaba Sefaaniyaa Raagichaa \toc2 Sefaaniyaa Raagichaa \toc3 Sef. \mt1 Kitaaba Sefaaniyaa Raagichaa \imt Seensa \ip Sefaaniyaan raagichi ergaa ifii ka dabarse dhaloota Kiristoosiitiin dura gara dhuma jaarraa torbeesso'ootitti yoo te'u, yennaa san mootichi Yosiyaas dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba jaa fi diddamii tokkotti, haareffama dhugeeffanna'aa godhiisaan dura, woggaa kudhan dursee te'uu hin dhabu; kitaab kun raaguma duri raagameeru ifi keessaa qaba; innille biyyi Yihuda'aa waaqota dharaa waan waaqonfatteef, yennaa adabam isii irra dhaqqabu, badi'ii fi barbadaawuun akka isii irra gewu ka mudhisu. Mootiin Waan Maraa yennaa san gosa biyya adda addaa dhibiille hin adaba. Diigamiisi Yerusaalem irra dhaqqabulle, yenna'aan duuba qachaan Yerusaalemii addee duriititti hin deebi'a; worri ifi gad qabuu fi balchooti achi hin le'an. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Yihudaa Irratti Guyyaa Muraa Mootii Waan Maraa\ior 1:1-18\ior* \io1 Cubbuu Irraa Deebi'uu\ior 2:1-3\ior* \io1 Muraa Gosa Biyya Adda Addaa ta Adaala Yerusaalemiititti Murantu\ior 2:4-15\ior* \io1 Cubbuu Yerusaalemiitii Fi wodoo Yerusaalemii\ior 3:1-13\ior* \io1 Faaruu Gammadaa\ior 3:14-20\ior* \c 1 \s1 Yihudaa Irratti Guyyaa Muraa Mootii Waan Maraa \p \v 1 Kun jecha Mootii Waan Maraa ka bara Yosiyaasiin ilmi Amoonii mootii Yihuda'aa te'eeruun gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, akaakoo Gedaaliya'aa, abuuboo Amaariya'aa, abutturroo Hisqiyaasii dhufe. \p \v 2 Mootiin Waan Maraa, «Ani waan mara lafa irraa haxowee hin balleessa; \v 3 namaa fi horii, allaatotaa fi qurxummiille haxowee hin balleessa; worra hamoolee garagaggalchee, sanyii namaa lafa irraa hin balleessa. \p \v 4 «Ani kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa mara hin adaba. Baraaree worra Ba'aal waaqonfatuutii fi maqaa hayyoota isa tajaajiltuu achii hin balleessa. \v 5 Worra heellichoo manaa\f + \fr 1:5 \fr*\fqa Heellichoo: \fqa*\ft Heellichoon mana biyya sanii diriirtu'u.\ft*\f* gubbaa bayee aduu, ji'aa fi urji'iif sagadu hin balleessa. Worra na waaqonfataa maqaa kiyyaan kakataa, achiin duuba ammoo maqaa waaqa dharaa Miilkomiitiin kakatulle hin balleessa. \v 6 Worra ana Waaqa hordofuu didee duubatti deebi'e, worra na hin barbaadanne yookiin akka isaan sooressu worra na hin gaafanne hin balleessa» jedhe. \p \v 7 Guyyaan Goottaa Mootii Waan Maraa waan dhikaateef, Mootii Waan Maraa duratti cadhisa'a! Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii akka horii ciinca'aaf qalamuu dabarsee kenniisaaf qopheesseera; inni diina kolbaa Yihuda'aa saamu adda baasee qopheesseera. \v 8 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa ciinca'aa sanitti ani Mootiin Waan Maraa qondaaltotaa fi ilmaan mootichaatii fi worra waaqota orma waaqonfatu maraayyuu hin adaba. \v 9 Guyyaa san worra gulantaa balbalaa irra utaalu mara, mana goottolee ifii meyaan guutiisaaf, worra wo hatuu fi nama ijjeesu mara, guyyaa sanitti ani hin adaba» jedha. \p \v 10 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa sanitti, karra karra qurxummi'ii jedhantu duraa, iyyi, kutaa qacha'aa haareya keessaa, wiiccifati, kooba irraa qoonqoo waan caccabuu guddoo hin dhageettan. \v 11 Isin worri addee dikko'oo keessa leetanu, daldaltooti teessan martinuu waan badaneef, worri meetii daldalanu martinuu waan du'aneef wiiccifadha'a! \p \v 12 «Guyyaa sanitti ani issa'aan Yerusaalem hin barbaada; namoota isi'ii worra akka daadhii woyni'ii ta cumaa irratti hattee te'ane, worra, ‹Waaqi waan dansaa yookiin hantuulle hin huju› jedhee yaadu hin adaba. \v 13 Karri isaanii hin saamama; manni isaanii hin diigama; mana hin ijaarratan; ammoo keessa hin le'anu; muka woyni'ii hin dhaabbatan; ammoo daadhii muka woynii sanii hin unanu» jedha. \p \v 14 Guyyaan Mootii Waan Maraa guddaan dhikaateera; ariifatee dhufaara; guyyaan sun guddoo ka sodaachisu; guyyaa Mootii Waan Maraa sanitti loltooti jajjabootinuu sodaatanee, iyya jadduu iyyan. \v 15 Guyyaan sun guyyaa mufi'ii, guyyaa gargalaatii fi farriisaa, guyyaa diigamaatii fi badi'ii, guyyaa dimimmisaatii fi dukkanaa, guyyaa duumensaatii fi dukkana dimmaa ti; \v 16 guyyaa san qachoota kushee dhaka'aa qabanuu fi xelleephoo dhaka'aa dhedheertuu irratti qoonqoon tultulla'aatii fi iyya lolaa hin dhage'ama. \p \v 17 Mootiin Waan Maraa, «Ani namoota irratti gaargala hin fida, isaan ana Mootii Waan Maraa waan yakkaneef, akka namoota balla'aa hin deeman; dhiigi isaanii akka buku'uu hin lola'a; reeffi isaanii akka kosi'ii hin gatama» jedha. \p \v 18 Guyyaa mufii Mootii Waan Maraa sanitti meetiin isaanii yookiin worqiin isaanii isaan fayyisuu hin dande'anu; biyyi lafaa duudiin ibidda aarii isaatiin hin baddi; inni worra lafa irra le'anu mara dedhuma hin fixa. \c 2 \s1 Cubbuu Irraa Deebi'uu \p \v 1 Isin gosa qaanii hin qanne, wolitti qabama'aa, wolitti dacha'a'a! \v 2 Akka huura qilleensaan haxowamuu adoo hin haxowamin, mufiin Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeettu adoo isinitti hin dhufin, guyyaan mufii Mootii Waan Maraa jabaan adoo isinitti hin dhufin wolitti qabama'a! \v 3 Isin worri gad ifi qabee lafa irra le'u, ka ajaja isaatiif ajajantanu, hujii balchittii huja'a; Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qaba'a! Guyyaa mufii isaa san isin hin milixxan fa te'a. \s1 Muraa Gosa Biyya Adda Addaa Ta Adaala Yerusaalemiititti Murantu \p \v 4 Qachaan Gaaza'aatii fi Ashiqalonii duwwaa hin te'an; kolbaan Ashidoodii orra'aan oofamanee hin bayan, kolbaan Eqroonille qachaa ifii keessaa hin oofaman. \v 5 Ee, worra abbaayaa qarqaraa gosa Keretii isiniif aanne'e! Ee, Kana'aanii lafa Filisxeemotaa, «Ani isin hin balleessa; nami tokkolle hin hafu» ka jedhu, jechi Mootii Waan Maraa isin irratti dubbatameera. \v 6 Latti teessan ta abbaayaa qarqaraa addee horiin dheeedu, kaloo tissitootaatii fi gooree hooloti itti galanu hin teeti. \v 7 Sanyiin Yihuda'aa baraareen hatte lafa abbaayaa qarqaraa teeti san hin qabatan. Horiin isaanii achi hin dheedan; tissitooti halkan mana worra Ashiqalonii keessa hin bulan. Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii isaaniif hin yaadata; worra isaan duraa booji'amelle isaaniif hin deebisa. \p \v 8 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, «Ani murgoo worra Mo'aabii, arraba worra Amooniille ka isaan kolbaa tiyya arrassanee, lafa isaanii qabatiisaaf itti kooranelle dhage'eera. \v 9 Tanaaf, ani dhugumaan jiraata'a; worri Mo'aabii akka worra Sodoomii worri Amooniille akka worra Gomora'aa addee midhaan ijjumaa itti hin lannee fi addee boolla sooddaa, addee haga bara baraa diigante hin te'an; kolbaan tiyya worri lubbu'uun hafe karra isaanii hin saaman; lafa isaanille hin dhaalan» jedha. \p \v 10 Kolbaan Mo'aabiitii fi Amoonii kolbaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dadee irratti murganee waan kooraneef gatii koora ifii hin dhaggatan. \v 11 Mootiin Waan Maraa waaqota dharaa ka lafa isaanii mara yennaa balleessu, isaan biratti ka sodaatame hin te'a; gosi biyya adda addaa ta cinaa abbaaya'aatii fi oddoolotaa marti tokko tokkoonuu addee jiranutti isaaf hin sagadan. \p \v 12 Isinille, ee worra Itoophiya'aa\f + \fr 2:12 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f*! Shallaagaa kiyyaan hin ijjeefantan. \p \v 13 Inni hunna ifiitiin worra kaabaa Asoor hin balleessa; Nanawweelle onsee akka goomole'ee hin gossa. \v 14 Hori'ii fi bineensoti adda addaa achi hin ciisan; urungu'uu fi harraaqessi utubaa isi'ii irra hin bulan; qoonqoon isaaniille karaa foddaa manaatiin hin dhage'ama; karaa balbalaatiin kosiin hin tuulama. Utubaan dareeraa ka hindheensaa duwwaa hin hafa. \v 15 Qachaan kun ka nageyaa fi gammadaan le'u; ka ifiin, «Ana malee nami dhibiin hin jiru» jedhee yaade, amma ammoo attamiin addee ona bineensi keessa le'u te'e? Worri karaa san dabaru martinuu, harka ifii ol qabee itti hin murga. \c 3 \s1 Cubbuu Yerusaalemiitii Fi Wodoo Yerusaalemii \p \v 1 Qachaa Yerusaalemii cubbicha, batticha nama cunqursuuf aanne'e! \v 2 Inni namaaf hin dhage'u; gorsa namaa hin fudhatu; Mootii Waan Maraatitti hin addatu; gara Waaqa ifiille hin dhikaatu. \v 3 Qondaaltoti isaa akka neenqa dhangaa dhowuu ti; abbootiin mura'aa ta isaalle akka yayyii galgalaa ta womaa boruuf hin hamburannee ti. \v 4 Raagoti isaa koorameeyyi'i; isaan worra hin addatanne; hayyooti isaa waan woyyuu te'e batteessan; seeralle hin dassan. \v 5 Mootiin Waan Maraa balchichi ammoo isa keessa jira; inni dokonkora hin qabu; inni ganama mara muraa dhuga'aa mura; guyyuma guyya'aan hin dadhabu; dabaaleyyiin ammoo qaanii hin beekanu. \p \v 6 Mootiin Waan Maraa, «Ani gosa biyya adda addaa balleesseera; Xelleephoo\f + \fr 3:6 \fr*\fqa Xelleephoo: \fqa*\ft Xelleephoon tun ta isaan irra tee'anee diina ifii eegatanu.\ft*\f* isaanii diigeera; karaa isaanii akka nami tokkolle irra hin ideenne duwwaa godheera; qachooti isaaniille onee ka nami tokkolle keessa hin jirre te'aneeran. \v 7 Ani, ‹Dhugumaan qachaan Yerusaalemii na hin sodaata; adabbii tiyyalle hin fudhata; worri achi keessa jiranulle ijjumaa hin badanu; adabbiin tiyya martille isaan hin dhaqqaddu› jedheeraayyu; qachaan sun ammoo ammalle hujii hantuu san hujiisaaf dharraa qaba. \p \v 8 «Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, ‹Guyyaa ani dhugaa baasiisaaf ka'u sanitti na eegadha'a! Ani gosa biyya lafaa wolitti qabiisaaf, mootummootalle wolitti raree, aarii tiyya ta bobeettu maraayyuu isaan irratti dhangalaasiisaaf murteeffadheera; biyyi lafaa martinuu hinaaffaa tiyya ta akka ibiddaatiin hin gubatti› jedheera. \p \v 9 «Yennaa san ani kolbaa gosa biyya adda addaa mara maqaa kiyya akka waamanu, harka wol qabatanee akka ana tajaajilanu dubbii qullittii akka dubbatanu isaan hin godha. \v 10 Kolbaan tiyya worri bittinnowe, na waaqonfatiisaaf, lagoota Itoophiya'aa\f + \fr 3:10 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* gamaa, kennansa naaf hin fidan. \v 11 Guyyaa sanitti ani worra koora ifiititti gammadu odduu teessanii waan baasuuf, isin waan na yakkitane san maraaf hin qaanottanu; gaara kiyya woyyicha irrattille haganaa achi ifi hin saaddanu. \v 12 Kolbaa gad ifi qadduu fi ta hin koorre, ta ana Mootii Waan Maraatitti addattu ammoo isin oddu'utti hin hambura; \v 13 Israa'elooti worri hafane haganaa achi hin yakkanu; dharalle hin dubbatanu; namalle hin sobanu; isaan nyaatanee hin irkatan; ka isaan sodaachisulle hin jiru» jedhe. \s1 Faaruu Gammadaa \q1 \v 14 Ee gumii Xiyoonii, faarfadha'a; \q2 ee kolbaa Israa'elii iyya'a! \q1 Ee kolbaa Yerusaalemii, \q2 gadhaa tokkochaan gammadaan ilillisa'a! \q1 \v 15 Muraa isinitti murate san \q2 Mootiin Waan Maraa isin irraa kaaseera; \q2 diinota keessanille si irraa deebiseera; \q1 Mootiin Waan Maraa mootiin Israa'elii \q2 isin woliin waan jiruuf, \q2 haganaa achi miidhaa tokkolle hin sodaattanu. \q1 \v 16 Guyyaa sanitti namooti Yerusaalemiin, \q2 «Ee Xiyoon hin sodaatin! \q2 Harki keeti hin laashowin! \q1 \v 17 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira; \q2 hunni isaa injifannoo sii kenniti; \q2 inni guddoo sitti hin gammada; \q2 jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa; \q2 inni faaru'uun si'itti hin gammada» hin jedhan. \q1 \v 18 Mootiin Waan Maraa ammalle, \q2 «Akka kolbaa guyyaa jilaa gammadduu, \q2 si gammachiisa. \q2 Ani muraa isin irratti ba'aa teete isin irraa hin kaasa. \q1 \v 19 Ani yennaa sanitti \q2 worra isin cunqursu \q2 maraayyuu hin adaba; \q2 worra naafa hin fayyisa; \q2 worra bittinnowelle wolitti hin qaba. \q1 Qaanii isaanii gara ulfinnaa jijjiiree, \q2 biyyi lafaa duudiin isaan hin leellitti. \q1 \v 20 Yennaa sanitti ani wolitti isin qabee, \q2 biyya teessanitti isin hin galcha; \q2 boojuu teessan, \q2 adoo isin ilaaltanuu \q2 isiniif hin deebisa. \q1 Ani kolbaa gosa adda addaa ta lafa irraa mara oddu'utti, \q2 ulfinnaa fi leellisa \q2 akka dhaggattanu isin hin godha» jedha.