\id ZEC - Guji Bible \ide UTF-8 \h Zakaariyaasii Raagichaa \toc1 Kitaaba Zakaariyaasii Raagichaa \toc2 Zakaariyaasii Raagichaa \toc3 Zak. \mt1 Kitaaba Zakaariyaasii Raagichaa \imt Seensa \ip Kitaab Zakaariyaasii raagichaa kutaa lamatti qoodameera: 1. Foora 1-8 ka jiru dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shanii fi diddamaa haga woggaa dhibba shanii fi kudhanii saddeetiititti, yennaa adda addaa keessatti raaga Zakaariyaas raage ka qabateeru. Raagoti kun irra caalaa akka mudhi'iititti ka dhikaatane te'anee, waan haareffamiisa Yerusaalemii, waan deebifamee ijaaramiisa Galma Waaqaa, waan qulqulloomiisa kolbaa Waaqaatii fi waan bara Masiihii gara duraa dhufu'uu jiruu dubbata. 2. Foora 9-14 ka jiru ergaa marroo Masiihii gara duraa dhufu'uu jiruutii fi marroo muraa muumme'ee dubbata. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Ergaa ifi eeggachiisiisaatii fi addi'ii\ior 1:1—8:23\ior* \io1 Muraa kolbaa ollaa Israa'elii irratti murantu\ior 9:1-8\ior* \io1 Mooticha gara duraa dhufuu fi nageya gara duraa\ior 9:9—14:21\ior* \c 1 \s1 Mootiin Waan Maraa Kolbaan Isaa Gara Isaa Akka Deebitu Waame \p \v 1 Bara Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a saddeetesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii raagicha ilma Baraakiyaa akaakoo Iddoo dhufee, \v 2 «Mootiin Waan Maraa, abbootii teessanitti guddoo aareeraayyu. \v 3 Tanaaf, ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Gara kiyya deebi'a'a!» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade; Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Anille gara keessan hin deebi'a» jedha› jedhiin. \v 4 Isin akka abbootii teessan ta durii, ta raagoti durii, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Karaa keessan hamaa irraa, hujii teessan hantuu irralle'ee deebi'a'a!» jedha› jedhanee adoo isaanitti himanuu, na dhage'iisa yookiin naaf ajajamiisa dhabane sanii hin ite'ina'a! Tana ana Mootii Waan Maraatittuu dubbate. \v 5 Abbootiin teessan amma eessa jiran? Raagoti bara baraan hin le'anii ree? \v 6 Dubbii tiyyaa fi qajeelcha\f + \fr 1:6 \fr*\fqa Qajeelcha: \fqa*\ft Yookiin sirna ittiin bulmaata.\ft*\f* kiyya ka ani karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin ajaje eegatuu dhabiisaan ammoo, adabamanee hin jiranuu ree? Tanaaf isaan cubbuu ifii irraa deebi'anee, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, akkuma murteessetti akka huji'ii fi ideensa keennaatitti nutti mure› jedhane» jedhe. \s1 Mudhii Marroo Fardo'oo \p \v 7 Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a kudha tokkeessoo ka «Shebaax» jedhamutti, guyyaa diddamii arfeesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii raagicha ilma Baraakiyaa Iddoo dhufe. \v 8 Ani Zakaariyaas halkan san mudhi'iin nama farda arrowa irra tee'eeru tokko dhagge; inni mukoota dakkaraa odduu, dhooqa keessa dhaabbateera; duuba isaatille'een fardi arroonni, fardi boorrii fi fardi adiin jiraniiyyu. \v 9 Anille, «Ee goottaa kiyya, fardoon tun maan?» jedhee gaafadhe. \p Inni deebisee, «Isaan maan akka te'ane ani si'itti hin mudhisa» jedhe. \v 10 Maarre namichi mukoota dakkaraa odduu dhaabbateeru sun deebisee, «Isaan worra Mootiin Waan Maraa lafa qorqoriisaaf ergeeru» jedhe. \v 11 Isaanille ergamaa Mootii Waan Maraa ka mukoota dakkaraa odduu dhaabbateeru saniin, «Nuuti lafa duudii qorqorreerra; latti duudiin nageya» jedhane. \p \v 12 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa waan mara Dadde! Ati qachaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa ka woggaa torbaatama itti mufatte kana, ka hin mararre haga yoomiiti ree?» jedhe. \p \v 13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, ergamaa na woliin dubbatiisatti jiru sanitti, dubbii gammachiittuu fi jajjabeessitu deebise. \v 14 Tanaaf ergamaan na woliin dubbatiisatti jiru sun anaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif guddoo hinaafeera; \v 15 ani kolbaa tiyyatti diqqoo aareeraayyu; gosi biyya adda addaa worri nageyaan le'a ifi seyu ammoo, ittuma dabalee hantuu waan hujjeef, guddoo itti aareera. \v 16 Tanaaf ani mararti'iin gara qachaa Yerusaalemii hin deebi'a; manni kiyyalle deebi'ee hin ijaarrama; wodaroon miki'ii Yerusaalem ijaariisaaf hin diriirfama; waan kana ana Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadetti dubbate› jedhii lallabi» jedhe. \p \v 17 Ammalle ergamaan, anaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Qachooti kiyya waan dansa'aan\f + \fr 1:17 \fr*\fqa Waan dansa'aan: \fqa*\ft Yookiin durumma'aa.\ft*\f* deebi'anee hin guutaman; Mootiin Waan Maraa ammalle Xiyoon hin jajjabeessa; Yerusaalemille hin fooyata› jedhii lallabi» jedhe. \s1 Mudhii Marroo Gaafotaa \p \v 18 Ani ol ilaalee gaafota afur dhagge. \v 19 Ergamaa na woliin dubbate saniin, «Gaafoti kun maan?» jedhee gaafadhe. \p Innille deebisee, «Gaafoti kun kolbaan Yihuda'aa, kolbaan Israa'eliitii fi Yerusaalemii akka bittinnowanu ka godhe» anaan jedhe. \p \v 20 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa namoota sibiila tumanu afur natti mudhise. \v 21 Anille, «Isaan maan godhiisaaf dhufane?» jedhee gaafadhe. \p Innille deebisee, «Isaan, kolbaa biyya adda addaa ta lafa Yihuda'aa ijjumaa balleessitee, kolbaa isi'iille bittinneessitee, bararassiisaa fi jissiisaaf dhufane» jedhe. \c 2 \s1 Mudhii Marroo Wodaroo Miki'ii \p \v 1 Ani ol ilaalee, nama wodaroo miki'ii harkatti qabateeru tokko dhagge. \v 2 Anille, «Eessa dhaqaarta?» jedhee isa gaafadhe. \p Inni deebisee, «Yerusaalem hagam akka badhattuu fi hagam akka dheerattu mikee ilaaliisa dhaqaara» naan jedhe. \p \v 3 Achiin duuba ergamaa na woliin dubbate sun gara duraa deemuun, ergamaan dhibiin isa wolde'iisaaf dhufee, \v 4 «Rukkisiitii dargaggeessa saniin, ‹Yerusaalem keessa kolbaa heddu'uu fi horiin hedduun waan jiranuuf qachaa dalleenni dhaka'aa itti hin ijaaranne teeti. \v 5 Ani adaala Yerusaalemiititti dalleya dhaka'aa ka ibiddaa hin te'a; isii keessattille ulfinnaa hin te'aaf› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhiin. \s1 Worri Booji'ame Biyyatti Akka Deebi'u Waamame \p \v 6 Mootiin Waan Maraa, «Ani maddii afurittuu waan isin bittinneesseeruuf, lafa kaabaatii baqadha'a! Baqadha'a! \v 7 Isin worri booji'antanee Baabilon keessa leetanu gara Yerusaalemii deebi'a'a! \v 8 Nami isin tuqu gumaa ila tiyyaa\f + \fr 2:8 \fr*\fqa Gumaa ila tiyyaa: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin, «Mucaa ila tiyyaa» jedha; mucaa ilaa jechuun, ila gurraattii keessaa ti. \fqa*\f* tuqa» jedha; kana Mootii Waan Maraatittuu dubbate. \p Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ulfinna naaf kennee, gosa biyya adda addaa ta isin saantetti na ergee, \v 9 «Kunoo, ani harka kiyya isaan irratti ol hin fudhadha; garbooti isaaniille isaan hin saaman» jedha. \p Achiin duuba isinille Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade akka na erge hin beettan. \p \v 10 Mootiin Waan Maraa, «Isin kolbaa Xiyoonii\f + \fr 2:10 \fr*\fqa Xiyoon: \fqa*\ft Qachaa Yerusaalemii ti.\ft*\f*, kunoo ani dhufee odduu teessan waan le'uuf, ilillisa'aa gammada'a» jedha. \p \v 11 Guyyaa san gosi biyya adda addaa hedduun gara Mootii Waan Maraa dhufanee, gosa isaa hin te'an. Innille odduu isaanii hin le'a; akka Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gara keessan na erge hin beettan. \v 12 Mootiin Waan Maraa lafa woyyittii keessaa Yihudaa lafa ifii hin godhata; ammalle Yerusaalem hin filata. \p \v 13 Mootiin Waan Maraa addee woyyittii ifiitii waan dhufaaruuf, kolbaan duudiin isa duratti cadhisa'a. \c 3 \s1 Mudhii Zakaariyaas Marroo Hayyicha Gudda'aa Dhagge \p \v 1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Hayyichi Guddaan Iyaasuun ergamaa Mootii Waan Maraa dura dhaabbateeruun, Seexannille Iyaasuu himatiisaaf midda isaatitti dhaabbateeruun natti mudhise. \v 2 Ergamaan Mootii Waan Maraa Seexanaan, «Seexana, Mootiin Waan Maraa si xixu! Mootiin Waan Maraa ka Yerusaalem filate si xixu! Namichi kun akka muka ibidda irraa butameetii motii ree?» jedhe. \p \v 3 Yennaa san Iyaasuun woyaa xurootte uffatee, ergamaa Mootii Waan Maraa dura dhaabbateera. \v 4 Ergamaan sun worra isa dura dhaabbateeru saniin, «Woyaa isaa xuroottuu san irraa baasa'a!» jedhe; Iyaasuulle'een, «kunoo, ani cubbuu teeti si irraa balleesseera; woyaa ulfinnaalle sitti hin uffisa» jedhe. \p \v 5 Achiin duuba ani, «Marata mata'aa qulqulluu mataa isaatitti mara'a!» jedhe; isaanille adoo ergamaan Mootii Waan Maraa achi dhaabbateeruu, marata qulqulluu itti maranee, woyaalle itti uffisane. \v 6 Eega san ergamaan Mootii Waan Maraa Iyaasuu ifi eeggachiisee, \v 7 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Deensi keeti akka fedha kiyya yoo te'e, waan ani si ajaje yoo eeggatte, Galma kiyyaaf bulchaa, badhinna dalleya kiyya keessaa mara irratti itti gaafatamaa hin teeta. Ergantoota Mootii Waan Maraa ta as dhaabbataneeranu oddu'utti mirga si'iif hin kenna. \v 8 Iyaasuu hayyicha gudda'a, dhage'i! Isin worri hayyumma'aan isa woliin tajaajiltanuu fi waan dansaa gara duraa te'uu jiruuf, beessisa teetane dhage'a'a: ani kunoo, dameen Daawitii garbichi kiyya akka dhufu hin godha. \v 9 Kunoo, ani dhakaa iloo torba qabu tokko Iyaasuu dura hin keya; ani dhakaa san irratti barreeffama, «Ani guyyaa tokkotti yakkaa lafa tanaa irraa hin balleessa» jedhu hin barreessa. \v 10 Guyyaa san nami tokko tokkoonuu, muka woyni'iitii fi haru'uu jalatti ollaa ifii hin affeera› jedha» jedhe. \c 4 \s1 Mudhii Waan Ifi Irra Keyamu \p \v 1 Ergamaan na woliin dubbataa ture sun deebi'ee dhufee, akka nama hirriibaa nama dammassuu na dammassee, \v 2 «Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate. \p Ani deebisee, «Waan issaan irra keyamu ka worqii qofaan hujame, ka qoriin mataa isaa irra jirtu dhagga; issaan sun tokko tokkoon isaatuu uujjummee torba mataa irraa qaba. \v 3 Waan issaan irra keyamu bira, muki ejersaa lama middaa fi bitaa qori'iititti jira» jedhe. \p \v 4 Anille ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiru saniin, «Ee goottaa kiyya, wonni kun maan inni?» jedhee gaafadhe. \p \v 5 Innille, «Ati wonni kun maan akka te'e hin beettu?» jedhee na gaafate. Anille, «Ani hin beeku, goottaa kiyya» jedheen. \v 6 Jechi Mootii Waan Maraa ka ergamaan Waaqaa akka ani Zarubaabelitti himuuf natti hime kana: «Ayyaana kiyyaan malee hunnaa fi jabeennaanii moti. \p \v 7 «Ee, gaara gudda'a! Ati maan! Ati Zarubaabel duratti lafa dirree hin teeta; yennaa inni dhakaa ittiin ijaaranee muummessanu lafaa ol fuudhu, namooti ‹Attam dansa'a! Attam dansa'a!› jedhaa gammadaan hin iyyan» ka jedhu. \p \v 8 Ammalle jechi Waaqaa gara kiyya dhufee, \v 9 «Zarubaabel hundee Galma kanaa harka ifiitiin keyeera; harka ifiitiin ijaarsa kana hin fixa. Yennaa tun teetu Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade akka gara keessan na erge hin beettan. \p \v 10 «Worri waan diqqoo dhaggane tuffatane, dhakaa tumbi'ii harka Zerubaabeliititti yennaa dhagganu hin gammadan; issaan torba kun ila Mootii Waan Maraa torba ta lafa duudii dhaggitu» jedhe. \p \v 11 Achiin duuba ani, «Muki ejersaa lamaan ka waan issaan irra keyamu middaa fi bitaa jiru kun maan» jedhee ergamaa Waaqaa gaafadhe. \v 12 Ammalle ani, «Dameen muka ejersaa lamaan, ka uujjummee worqi'ii lamaan cina'aa zayitii ejersaa yaasanu maan?» jedhee gaafadhe. \p \v 13 Inni anaan, «Ati wonni kun maan akka te'e hin beettu?» jedhe. \p Anille, «Ee goottaa kiyya, hin beeku» jedheen. \p \v 14 Achiin duuba inni, «Isaan lamaan kun Mootii Waan Maraa lafa maratti akka tajaajilanuuf worra muudame» jedhe. \c 5 \s1 Mudhii Kitaaba Maramaa Gubbaa Irra Ka'uu \p \v 1 Ani ammalle yennaa ilaalee, kitaaba maramaa tokko gubbaa irra ka'uun\f + \fr 5:1 \fr*\fqa Ka'uun: \fqa*\ft Yookiin balali'uu.\ft*\f* dhagge; \v 2 ergamaan Waaqaa, «Ati maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate; anille deebisee, «Kitaaba maramaa dheerinni isaa ciqilee diddama, badhinni isaa ciqilee kudhan te'e tokko gubbaa irra ka'uun dhagga» jedheen. \v 3 Innille, «Kun abaarsa lafa duudii irratti dhufu. Kitaaba maramaa san gama tokko irratti, ‹Nami hatu duudiin lafa irraa hin bada› ka jedhutti jira; gama kaan irralle'etti ‹Nami dharaan kakatu duudiinille hin bada› ka jedhutti jira. \v 4 Mootiin Waan Mara Ka Waan Mara Dade, ‹Ani abaarsa gara mana nama hatuutii fi gara mana nama dharaan kakatuu seenu hin erga; inni mana isaanii keessa turee, mana isaanii mukaa fi dhakaa isaalle hin balleessa› jedha» jedhe. \s1 Mudhii Dubartii Saaxaraa Keessaa \p \v 5 Achiin duuba ergamaan Waaqaa gara kiyya dhufee, «Ol ilaal! Wonni dhufaaru kun maan inni?» anaan jedhe. \p \v 6 Anille, «Wonni kun maan?» jedhee gaafadhe. \p Inni deebisee, «Kun kollonjoo cubbuu lafa duudii irratti hujantu mudhisu» jedhe. \p \v 7 Qadaadi saaxara'aa ka irsaasa irraa hujame sun yennaa baname, dubartittiin takka saaxaraa san keessa teetteertuun dhagge. \p \v 8 Ergamaan Waaqaalle, «Dubartittiin tun hammeenna mudhitti» jedhee, isii saaxaraa san keessa gad dhiibee, qadaaddaa saaxara'aa itti qadaade. \v 9 Achiin duuba ol ilaalee, dubartooti lama koolaan ka'aa gara kiyya dhuttuun dhagge; koolli isaanii akka koola qonga'aa jira; isaan saaxaraa san fuudhanee lafa irraa ka'anee, gubbaa irra koolaan ka'ane. \p \v 10 Anille ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiruun, «Saaxaraa eessa geessaaran?» jedhee gaafadhe. \p \v 11 Inni deebisee, «Mana saaxaraa saniif ijaariisaaf gara Baabilonii\f + \fr 5:11 \fr*\fqa Baabilon: \fqa*\ft Maqaan Baabilonii ka durii Shiinaar.\ft*\f* geessaaran; mana ijaaranee fixaneen duuba saaxaraa san achi keyan» anaan jedhe. \c 6 \s1 Mudhii Garreettaa Fardaa Afur \p \v 1 Ani ammalle ol ilaalee, garreettaan fardaan harkifamu afur gaarota sageettu'uu lamaan wodhakka'aa bayanee dhufanuun dhagge. \v 2 Garreettaan fardaa ka qaraa fardoo arrowaan, garreettaan lammeesso'oo fardoo daama'aan\f + \fr 6:2 \fr*\fqa Fardoo daamaa: \fqa*\ft Yookiin gugurraalee jechu'u.\ft*\f*, \v 3 ka sadeesso'oo fardoo bororaan\f + \fr 6:3 \fr*\fqa Fardoo borora: \fqa*\ft Yookiin fardoo adii jechu'u.\ft*\f*, ka arfeesso'oo fardoo buburre'een harkifamaniiyyu; marti isaaniituu jajjaba. \v 4 Achiin duuba ani ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiruun, «Ee goottaa kiyya, garreettaan fardaa kun maan?» jedhee gaafadhe. \p \v 5 Inni deebisee, «Isaan kun qilleensa ol-gubba'aa ka maddii afurii ti; isaan worra Goottaa lafa duudi'ii tajaajiliisa irraa dhufane» anaan jedhe. \p \v 6 Garreettaan fardoo gugurraayye'een harkifamu gara kaabaa, ka fardoo adaadi'iin harkifamu gara seensa adu'uu, ka fardoo buburre'een harkifamu gara kibbaa deemaaraniiyyu. \v 7 Fardoon jajjabi yennaa baate, lafa qorqoriisaaf worraaqatteertiiyyu. Ergamaan Waaqaa isaaniin, «Lafa duudii keessa deddeema'a» jedhe. Isaanille lafa duudii keessa deddeemane. \v 8 Achiin duuba ergamaan Waaqaa na waamee, «Fardoon gara kaaba Baabilonii dhaxxe, mufiin Waaqaa akka qabbanoottu goote» jedhe. \s1 Kallachi Iyaasu'utti keyame \p \v 9 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 10 «Heldaayi, Xobiiya'aa fi Yedaa'iyaa worra biyya Baabiloniititti booji'amanee deebi'ane irraa meeti'ii fi worqii fuudhiitii, gaafasuma gara mana Yosiyaasii ilma Sefaaniya'aa dhaqi! \v 11 Meeti'ii fi worqii fuute san kallacha hujiitii, mataa Iyaasuu hayyicha guddaa ilma Yozaadaaqii irra keyi. \v 12 Achiin duuba Iyaasu'uun, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Namichi damee jedhamu tokko asi jira; inni addee ifii jirutti damee baafatee waan banqaaquuf, Galma Mootii Waan Maraa hin ijaara. \v 13 Ka Galma Mootii Waan Maraa ijaaru isa. Ulfinna mooti'ii qabaatee, barcumaa mootumma'aa irra tee'ee hin bulcha. Hayyichi tokko barcumaa mootummaa isaa bira dhaabbata; isaan lamaanuu woliigalaa fi nageyaan hujan› jedha; \v 14 kallachi isaalle Heelemiif, Xobiiya'aaf, Yedaa'iya'aaf, Heenii ilma Sefaaniyaatiif Galma Mootii Waan Maraa keessatti yaadannoo hin te'a. \p \v 15 «Worri biyya fagoo le'anu, Galmi Waaqaa deebifamee yennaa ijaaramu qarqaariisaaf hin dhufan. Galmi Waaqaa yennaa deebifamee ijaarame, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gara keessan akka na erge hin beettan. Yoo isin guutumatti Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantane tun marti hin teeti» naan jedhe. \c 7 \s1 Fudhatama Dhaba Laama Kijibaa \p \v 1 Daariyos mootii te'ee, woggaa arfeesso'ootitti, ji'a sagaleesso'oo ka «Kisluu» jedhamu, guyyaa arfeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii dhufe; \v 2 Kolbaan Bet'elii, worra Shaarezeriitii fi Regiimelekinii namoota isaanii woliin gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqanee eebba Mootii Waan Maraa akka kadhatanuu fi \v 3 «Akkuma woggaa heddu'uuf godhaa turre, ji'a shaneesso'ootitti, diigama Galma Waaqaatiif laamaa, bowuulle qannaa ree?» jedhanee hayyoota Galma Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetii fi raagota isaa, akka gaafatanuuf ergane. \p \v 4 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee, \v 5 «Kolbaa lafaa duudi'iitii fi hayyoota duudii, ‹Woggoota torbaatama dabarane keessa, ji'a shaneesso'ootii fi torbeesso'ootitti yennaa laamtanee, boottanelle dhuguma naaf laamtanee? \v 6 Yennaa nyaattanuu fi untanu, ifumaafuu nyaataa unaa turtanee motii ree? \p \v 7 «‹Yerusaalemii fi qachooti ollaa isi'ii duroomanee, yennaa namooti itti heddatane, namoota adaala ollaa qacha'aa le'anu qofa adoo hin te'in, ka kutaa kibbaatii fi kooba gara seensa adu'uu jalaatiifille, jechi Mootii Waan Maraa karaa raagota duriitiin dubbate kanumaa motii ree?› jedhii gaafadhu» naan jedhe. \v 8 Jechi Mootii Waan Maraa ammalle gara kiyya gara Zakaariyaasii dhufee, \v 9 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Muraa dhuga'aa mura'a; woli woliif arjooma'a; wolille'eef marara'a. \v 10 Haadhotii hiyyeessaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne, orma, yookiin hiyyeeyyii hin miicina'a. Gadhaa keessan keessatti hantuu woliif hin yaadatina'a› jedha» jedhe. \p \v 11 Isaan ammoo dhage'uu didanee, mataa jabaatane; akka hin dhageenneefille gurra ifii cuqqaalatane. \v 12 Isaan seeraa fi jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade ayyaana ifiitiin karaa raagota duriitiin erge akka hin dhageenneef gadhaa ifii akka cabbi'ii jabeessane. Tanaaf mufiin guddoon Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee isaan irratti dhutte. \v 13 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Yennaa ani isaan waame isaan na dhage'uu waan didaneef, anille yennaa isaan na waammatane isaaniif hin dhageenne» jedha. \v 14 Kolbaa biyyaa adda addaa ta hin beenne keessa akka le'anu, akka bubbe'ee isaan bittinneesse. Latti dansaan isaan keessaa bayane sun ona teete; nami tokkolle achi keessa hin le'u; ittille hin galu. Akka kanaan latti sun onte. \c 8 \s1 Mootiin Waan Maraa Xiyoon Akka Duriititti Deebisiisaaf Waadaa Gale \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee, \v 2 «Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kolbaa Xiyooniitiif guddoo waan hinaafeef, diina isi'iititti guddoo aareera. \v 3 Ani gara Yerusaalemii deebi'ee, gaara Xiyoonii irra hin le'a. Yerusaalem, ‹Qachaa addatamaa› jedhantee hin waammanti; gaarri Xiyooniille gaara kiyya woyyicha jedhamee hin beekkama. \p \v 4 «Namooti woggaa hedduu le'anee waan dulloomanuuf, jaarsaa fi jaartiin borjoo\f + \fr 8:4 \fr*\fqa Borjoo: \fqa*\ft Yookiin ulee jaarsaa fi jaarti'ii ti.\ft*\f* qabatanee, karaa Yerusaalemii keessa ammalle hin tetee'an. \v 5 Karaan qacha'aalle ijoollee dhiiraatii fi durraa ta keessa taphattuun hin guutama. \p \v 6 «Guyyoota kanatti worra hafeef wonni kun ta hin dande'anne yoo fakkaattelle, wonni naaf hin dande'anne jirtii ree? \v 7 Ani kolbaa tiyya harka worra karaa biyya aduun baatuutii fi aduun seentuu jiranu jalaa baasee, \v 8 Yerusaalem keessa akka le'anu deebisee isaan hin fida; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille addatamumma'aa fi balchumma'aan Waaqa isaanii hin te'a. \p \v 9 «Isin worri yennaa Galmi Waaqaa deebi'ee ijaaramiisaaf hundeen keyamu, waan raagoti achi jirtu dubbatte dhage'iisatti jirtanu, Galma Waaqaa ijaariisaaf jabaadha'a. \v 10 Yennaa saniin dura namaaf, horiille'eef gatiin dadhabbi'ii hin kaffalantuuyyu. Nami duudiin ollaa ifii irratti diinumma'aan akka ka'u ka'u waan godheef, eennulle bayiisaa fi galiisaaf nageya hin qabuuyyu. \v 11 Amma ammoo worra hafe akka durii hin godhu. \v 12 Isaan nageyaan sanyii facaafatan; woyniin midhaan ifii hin buuchi; latti midhaan hin kenniti; gubbaan rooba kenna; ani waan kana mara worra hafe kanaaf hin kenna. \v 13 Isin worri Yihuda'aatii fi worri Israa'elii, dur kolbaa biyya adda addaa oddu'utti akka abaarsaatitti laakkowamaa turtane; ammaa ammoo ani abaarsa kana jalaa isin hin fayyisa, eebballe hin teetan; tanaaf jabaadha'a malee, hin sodaatina'a! \p \v 14 «Yennaa abbootiin teessan ta durii na aarsite, marartii malee isin adabiisaaf murteeffadhe. \v 15 Amma ammoo kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa eebbisiisaaf murteeffadheera; hin sodaatina'a. \v 16 Wonni isin godhuu qaddanu kana: dhugaa wolitti dubbadha'a. Addee kora mura'aa keessaniititti muraa dhugittii ta nageya fiddu mura'a. \v 17 Wol miidhiisaaf hin yaadatina'a. Dharaan hin kakatina'a. Ani kana duudii hin jibba» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade. \p \v 18 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee, \v 19 «Laam ji'a arfeesso'oo, ji'a shaneesso'oo, ji'a torbeesso'ootii fi ji'a kudhaneesso'oo worra Yihuda'aatiif jila gammadaatii fi ililleetti'ii hin te'a. Isin ammoo dhuga'aa fi nageya jaaladha'a. \p \v 20 «Yennaan kolbaan hedduun qachaa hedduu keessaa gara Yerusaalemii dhuttu hin dhutti. \v 21 Worri qachaa tokko keessa le'u, gara worra qachaa dhibii keessa le'uu dhaqee, ‹Kowa'a! Ariifannee dhandhee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dande'u waaqonfannee, eebba isaa kadhanna, nuutille achi dhaqaarra› hin jedhan. \v 22 Kolbaa heddu'uu fi gosi biyya adda addaa jajjabi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaa fi eebba isaa kadhatiisaaf gara Yerusaalemii hin dhufan. \v 23 Yennaa san gosa biyya adda addaa ka afaan gara garaa dubbatanu keessaa, namooti kudhan handaara woyaa Yihudicha tokkoo qabatanee, ‹Waaqi isin woliin akka jiru waan dhageenneef isin woliin hin deenna› hin jedhan» jedha. \c 9 \s1 Muraa Diinota Israa'elii Irratti Dhuttu \q1 \v 1 Dubbiin mura'aa ta Mootii Waan Maraa \q2 marroo biyya Hadraakiitiif dubbate \q2 qachaa Damaasqo'oolle geette. \q1 Ilti namootaatii fi gosa Israa'elii duudiin \q2 gara Mootii Waan Maraa hin ilaalti. \q1 \v 2 Haamaati ta meessaa isaanii jirtu, \q2 Xiiroosii fi Sidoon guddoo qaroolee te'anulle \q2 gara isaa hin ilaalan. \q1 \v 3 Xiiroos kushee ijaarratteerti; \q2 meetii akka biyye'ee, \q2 worqii akka dhoqqee karaa keessaa tuulatteerti. \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 waan isiin qaddu mara irraa hin mulqa; \q2 karra isi'ii mara \q2 gara abbaaya'aa hin gata; \q2 isiille ibiddaan gubattee hin baddi. \q1 \v 5 Worri Ashiqalonii \q2 tana dhaggee hin sodaata; \q2 worri Gaaza'aalle hin hollata. \q1 Worri Eqroonille addii hin kutata; \q2 worra Gaaza'aa keessaa mootiin hin dhabama; \q2 Qachaan Ashiqalonii hin ona. \q1 \v 6 Kolbaan makante qachaa Ashidoodii keessa hin leeti. \q2 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dande'u, \q2 «Ani koora Filisxeemotaa hin balleessa. \q1 \v 7 Isaan haganaa achi foon dhiiga qabu \q2 yookiin sagalee dhooggante hin nyaatanu. \q2 Worri hafe Waaqa keennaaf hin te'a, \q2 biyya Yihuda'aa keessatti sooreyyii hin te'an. \q2 Worri Eqroonille akkuma worra Yibusootaa hin te'a. \q1 \v 8 Ani mana kiyya, \q2 saantota irraa hin eegadha. \q1 Ani ila tiyyaan isaan waan eeguuf, \q2 nami isaan miicu, \q2 haganaa achi deebi'ee isaan keessa hin bayu» jedha. \s1 Mootii Xiyoonii Ka Dhufu \q1 \v 9 Kolbaa Xiyoonii, guddoo gammada'a! \q2 Kolbaa Yerusaalemii, ilillisa'a! \q1 Kunoo, mootichi keessan balchaan, \q2 injifataan, gad ifi qabee, \q2 ilmayyoo harre'ee irraa tee'ee, \q2 gara keessan hin dhufa. \q1 \v 10 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Ani Garreettaa fardaa Efreem keessaa, \q2 fardoo lolaa Yerusaalem keessaa hin balleessa. \q1 Guubeen lolaalle hin baddi; \q2 Mootichi keeti gosa biyya adda addaatiif, \q2 nageya hin lassa. \q2 Bulchiisi isaa abbaayaa irraa, \q2 haga abbaaya'aa, \q2 laga Efraaxiisii irraa \q2 haga dhuma lafaa ti. \s1 Adde'etti Deebi'iisa Kolbaa Waaqaa \b \q1 \v 11 «Isiniif sababa gondooroo tiyya, \q2 ta dhiigaan isin woliin gondooreetiif jedhee, \q2 worra hidhamane keeti, \q2 boolla bisaan hin qanne keessaa, \q2 bilisa hin baasa. \q1 \v 12 Isin worri hidhantanee, addi'iin jirtanu, \q2 gara addee nageyaa teessanitti deebi'a'a; \q2 ani adha addee duriititti \q2 dachaa lama isiniif hin deebisa. \q1 \v 13 Ani Yihudaa akka guube'eetitti, \q2 Efreem akka daayaatitti, \q2 namoota Giriiki'ii loliisaaf, \q2 ilmaan Xiyoonii \q2 akka shallaaga'aatitti hin fayyadama» jedha. \b \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa \q2 kolbaa ifiitiin gubba'atti hin mudhata; \q2 daayi isaa akka balaqqeetti'ii hin utaala. \q1 Mootiin Waan Maraa Waaqi \q2 qoonqoo tultulla'aa hin dhageessisa; \q2 bubbee gara kibbaa keessa, \q2 itti hin ideema. \q1 \v 15 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, \q2 kolbaa ifii irraa hin dhoogga; \q2 isaanille dhakaa looyya'aatiin\f + \fr 9:15 \fr*\fqa Looyya'aatiin: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa yanbarsaatiin \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* diina ifii hin balleessan; \q2 akka nama daadhii woyni'ii unee machowee hin iyyan; \q2 akka qorii dhiiga ittiin fiffixanu ta roga addee ciinca'aa \q2 hin guutaman. \q1 \v 16 Gaafas Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii \q2 akka tisseen horii ifii waan hantuu irraa fayyisu \q2 kolbaa ifii hin fayyisa. \q1 Isaan akka dhakaa gatii guddo'oo \q2 ka kallacha irraa \q2 lafa isaa keessatti hin calalaqan. \q1 \v 17 Latti attam attam Shagga'aa fi dansa'a! \q2 Midhaanii fi daadhiin woyni'ii ta isii irraa dhaggantu, \q2 Dargaggeeyyii dhiiraatii fi durraa \q2 hin bisileessiti. \c 10 \s1 Adde'etti Deebi'iisa Kolbaa Yihuda'aatii fi Israa'elii \q1 \v 1 Rooba furmaataa akka isinii kennuuf, \q2 Mootii Waan Maraa gaafadha'a; \q2 ka duumensa roobaa ergee, \q2 tiifuu roobaa isinii kennee, \q2 fichaa magariisa godhu Mootii Waan Maraa ti. \q1 \v 2 Waaqoti dharaa \q2 waan gatii hin qanne dubbatan; \q2 worri moru mudhii dharaa dhaggan; \q2 oojjuu sobaalle himan. \q1 Isaan akkasumaan \q2 nama jajjabeessan; \q2 tanaaf kolbaan tissee dhaddee rakkattee, \q2 akka hoole'ee joonjiti. \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa, «Ani tissitootatti guddoo aareera; \q2 sooressitootalle hin adaba. \q1 Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade \q2 hoolota tiyya kolbaa Yihuda'aa hin kunuunsa. \q1 Akka farda kiyya ka lolaa ka ittiin kooruu \q2 isaan hin godha. \q1 \v 4 Kolbaa Yihuda'aa keessaa \q2 bulchitooti \q2 ta akka dhakaa roga ijaarsaa \q2 ta akka togaa dunkaanaatii fi \q2 guubee lolaa jiranu hin ka'an. \q1 \v 5 Isaan wolumatti te'anee \q2 akka loltoota jajjabaa \q2 diinota ifii dhoqqee karaa keessaa irratti \q2 dhidhiitanee injifatanuu hin te'an. \q1 Mootiin Waan Maraa isaan woliin waan jiruuf \q2 isaan lola keessatti \q2 abbootii fardaa diinota hin qaanessan. \b \q1 \v 6 «Ani kolbaa Yihuda'aa hin jabeessa; \q2 kolbaa Israa'eliille hin fayyisa. \q2 Ani isaaniif waan nawuuf, \q2 akka duriititti isaan hin deebisa. \q1 Isaan akka ani tanaan qara \q2 ijjumaa isaan lakkisee hin beennee hin te'an. \q2 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te'eef, \q2 daadimata isaanii hin dhage'a. \q1 \v 7 Kolbaan Efreemii akka worra jajjabaa hin te'an. \q2 Isaan akka nama daadhii woyni'ii unee hin gammadan. \q1 Ijoolleen isaanii tana dhaggitee hin gammaddi; \q2 gadhaan isaaniille Mootii Waan Maraatitti hin gammada. \q1 \v 8 Ani kolbaa tiyya beessisaan waamee \q2 wolitti isaan hin qaba. \q2 Ani isaan waan woduuf \q2 akkuma durii laakkossa isaanii hin fakkansa. \q1 \v 9 Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti \q2 isaan bittinneessulle \q2 biyya fagoo san jiraatanee na hin qaabatan. \q1 Isaanii fi ijoolleen isaanii jiraatanee, \q2 gara biyya ifii hin deebi'an. \q1 \v 10 Ani biyya Gibxi'iitii \q2 deebisee isaan hin fida. \q1 Biyya Asoorii keessaalle'ee \q2 haga latti isaan dhiphattutti \q2 wolitti isaan qabadha. \q1 Gara biyya Giil'aadiitii fi Libaanonii \q2 deenisee isaan hin galcha. \q1 \v 11 Yennaa isaan abbaayaa rakko'oo keessa dabaranu, \q2 ani danbalii hin dhowa. \q1 Qilee ka te'e lagi Nayilii hin goga. \q2 Asoor hin salphatti; \q2 Gibxille ulee bokku'uu \q2 ta mootumma'aa hin dhaddi. \q1 \v 12 Ani kolbaa tiyya hin jajjabeessa. \q2 Isaanille jecha kiyyaaf hin ajajaman» jedha. \c 11 \s1 Jinnana Worra Hin ajajanne \q1 \v 1 Ee, Libaanon! \q1 Ibiddi muka hindheensaa keeti \q2 akka fixuuf \q2 balbala teeti bani! \q1 \v 2 Muki hindheensaa waan jigeef, \q2 isin muki birbirsaa bowa'aatii wiiccifadha'a! \q1 Muki jajjabaan marti badeera! \q2 Gongomaan ciggaan waan cirameef, \q2 ee, qilxaa Baashaanii, bowiitii wiiccifadhu! \q1 \v 3 Addeen horii tiffatanu \q2 waan isaan duraa baddeef, \q2 bowa worwaanata tissitootaa dhage'a'a! \q1 Gongomaan laga Yordaanosii \q2 waan badeef \q2 dhangaa dhowiisa neenqaa dhage'a'a! \s1 Tissitoota Lama \p \v 4 Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya anaan, «Hoolee qalmaaf qopheeffanteertu tiffadhu\f + \fr 11:4 \fr*\fqa Tiffadhu: \fqa*\ft Yookiin bobbaafadh.\ft*\f*. \v 5 Worri isaan bitatu yennaa isaan qaltanu hin adabamanu; worri isaan gurguratelle, ‹Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti! Nuuti duroonneera!› jedhan; tissitooti isaaniituu isaaniif hin nayanu; \v 6 ani haganaa achi worra lafa irra le'u tokkolle'eef hin nayu\f + \fr 11:6 \fr*\fqa Hin nayu: \fqa*\fqa Yookiin hin anjiradhu \fqa*\f*; kunoo, ani tokko tokkoo isaaniituu harka olla'aa fi mootii isaaniititti dabarsee hin kenna. Isaan biyya san hin balleessan; anille harka isaanii keessaa isaan hin baasu» jedha. \p \v 7 Ani hoolee qalmaaf qopheeffante san, keessattuu worra miicamane saniif tissee te'e; ulee lamaan fuudhe; maqaa takkatti'ii, «Jaalatantuu», ta lammeesso'ootiin, «Tokkummaa» jedhee moggaase; hoolota sanille bobbaase. \p \v 8 Ji'a tokko keessatti tissitoota sad ari'e; hooloti na jibbite; anille isaan hifadhe. \v 9 Tanaaf ani holotaan, «Ani haganaa achii tissee keessan hin te'u. Ka du'anu du'anuu ti. Ka badanu badanuu ti. Ka hafanelle foon woli wolii nyaatanuu ti» jedhe. \v 10 Achiin duuba gondooroo Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa woliin gondoore diigiisaaf, ani ulee tiyya ta, «Jaalatantuu» jedhantu fuudhee casse. \v 11 Gaafasuma gondooroon diigante. Daldaltooti hoole'ee, ka na dhaggiisatti jiranu, kun jecha Mootii Waan Maraa akka te'e beekane. \v 12 Ani isaaniin, «Yoo feetane mindaa kiyya naa kenna'a; yoo hin fedhin ammoo lakkisa'a» jedhe. Isaanille mindaa kiyya meetii soddoma naaf kennane. \p \v 13 Mootiin Waan Maraa anaan, «Meetii san saanduqa Galma Waaqaa keessa buusi\f + \fr 11:13 \fr*\fqa Galma Waaqaa keessa buusi: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin, «Okkotee nama faara dhowuu keessa buusi» jedha. \fqa*\f*!» jedhe. Tanaaf, «Mindaa geya'a» jedhanee ka isaan naaf kennane, meetii soddoma san fuudhee, saanduqa Galma Waaqaa keessa buuse. \v 14 Achiin duuba tokkummaa Yihuda'aatii fi Israa'elii diigiisaaf, ulee tiyya lammeesso'oo ta, «Tokkummaa» jedhantu casse. \p \v 15 Itti aansee Mootiin Waan Maraa anaan, «Meya tissitoota gowwoolee sanii fuudhi. \v 16 Kunoo, ani tissee hoolee baddeef hin yaadanne, ilmoolee badde ka hin barbaanne, ka miidhamane ka hin fayyine, yookiin fayyaaleyyii ka hin tissine biyya irratti hin kaasa; inni ka coomane hin nyaata; qeenca isaaniille hin buqqisa. \q1 \v 17 «Tissee gatii hin qanne, \q2 ka hoolota hin eenneef aanne'e! \q2 Shallaagaan, harka isaa middicha isa irraa kutuu ti! \q2 Ila isaa middittiille keessaa baasuu ti! \q1 Harki isaa ijjumaa goguu ti! \q2 Ilti isaa middittiin ijjumaa badduu ti!» jedhe. \c 12 \s1 Injifachaa Yerusaalemii \p \v 1 Dubbiin Mootiin Waan Maraa marroo Israa'eliitiif dubbate tana: Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa diriirse, ka hundee lafaa hundeessee fi jiruu namaaf kenne, \v 2 «Ani kunoo, Yerusaalem akka muduunuu daadhii woyni'ii hin godha; gosi biyya adda addaa ta adaala isi'ii, untee akka namoota machowanee hin gatantarti\f + \fr 12:2 \fr*\fqa Gatantarti: \fqa*\ft Yookiin tintint.\ft*\f*. Yennaa qachaan Yerusaalem marfamu qachaan Yihudaalle hin marfama. \v 3 Yennaa gosi biyya adda addaa Yerusaalem loliisaaf wolitti qabantu, ani akka dhakaa ulfaata'aa isii hin godha; worri isii ol kaasiisaaf wodhaanu duudiin ifi miidhan. \v 4 Guyyaa san ani fardoo isaanii mara hin bararassa; abbootii fardo'oo hin maraacha; kolbaa Yihuda'aa hin eega; fardoo diina isaanii ammoo hin jaamsa. \v 5 Achiin duuba sooreyyiin Yihuda'aa gadhaa ifii keessatti, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, kolbaa ifii ta Yerusaalem keessa leetuuf hunnaa hin kenna› jedhan. \p \v 6 «Guyyaa san sooreyyii Yihuda'aa akka okkotee ibiddaa ta qoraan irratti tuulameetii fi akka umeessaa ibiddaa ka odduu ladde'eetitti bobe'uu isaan hin godha. Isaan kolbaa adaala sanii mara hin fixan. Kolbaan Yerusaalemii ammoo, nageyaan Yerusaalem keessatti hin hafan. \p \v 7 «Ulfinni sanyii Daawitiitii fi ulfinni namoota Yerusaalem keessa le'anuu ka Yihuda'aa akka hin caalle, ani Mootiin Waan Maraa dursee mana gosa Yihuda'aatiif injifachaa hin kenna. \v 8 Ani guyyaa san Mootiin Waan Maraa, worra Yerusaalem keessa le'u hin eega; isaan keessaa ka irra caalaa dadhaba'aatuu, akka Daawitii jabaa hin te'a. Sanyiin Daawitii akka ergamaa kiyyaa, akkuma kiyya isaan hin sooressan. \v 9 Guyyaa san gosa biyya adda addaa Yerusaalem loliisaaf wodhaantu mara balleessiisaaf hin barbaada. \p \v 10 «Ani ayyaana mararti'iitii fi ayyaana daadimataa sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'u irratti hin dhangalaasa. Isaan ka woraanane san na hin ilaalan; akka nama mucaa tokkochaaf bowuutitti hin bowan; akka nama du'a ilma angafichaatiif guddoo gadduulle hin gaddan. \v 11 Guyyaa san bootti guddoon, sanyii Hadaad Rimooniitiif dirree Megidoo keessatti teete sun, Yerusaalem keessatti hin teeti. \v 12 Namooti lafa sanii akka maatii maatii ifiititti hin bowan; maatiin sanyii Daawitii qofuu, niitoti isaanii qofuu, maatiin sanyii Naataanii qofuu, niitoti isaanii qofuu, \v 13 maatiin sanyii Lewwi'ii qofuu, niitoti isaanii qofuu, maatiin Sheme'ii qofuu, niitoti isaanii qofuu, \v 14 maatiin worra hafee duudiin qofuu, niitoti isaaniille qofuu hin bowan» jedhe. \c 13 \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Guyyaa san maddi cubbu'uu fi battummaa isaanii qulqulleessu, sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'anuuf hin banama\f + \fr 13:1 \fr*\fqa Hin banama: \fqa*\ft Yookiin hin madda yookiin hin burqa jedhamuu dande'a.\ft*\f*. \v 2 Guyyaa san maqaa waaqota dharaa lafa irraa hin balleessa; nami deebi'ee isaan qaabatu hin jiraatu; raagota dharaatii fi ayyaana battiille lafa irraa hin balleessa. \v 3 Gaafas eennulle yoo raaga dubbate, abbaan isaatii fi haati isaa, ‹Ati maqaa Mootii Waan Maraatiin soba waan dubbatteef, du'uu qadda› jedhaniin. Yennaa inni raaga dubbatu abbaan isaatii fi haati isaa, isa woraanane ijjeesan. \v 4 Guyyaa san raagaan tokko tokkonuu raaga mudhi'iin dhagge saniif hin qaanowa; namootalle sobiisaaf woyaa rifeensa qaddu hin uffatu. \v 5 Inni, ‹Ani qonnaan bula'a malee, raaga'aa moti; ani ijoollumma'aan jalqabee nama lafa qotu› hin jedha. \v 6 Nami tokko, ‹Madaan nafa keeti irraa tun maan?› jedhee yoo isa gaafate, inni deebise, ‹Mana jaala kiyyaatitti madowe› hin jedhan» jedha. \s1 Tisseen Dhowame, Hooleen Bittinnootte \p \v 7 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ee, shallaaga'a! \q1 «Tissee kiyya irratti, jaala ani addadhu irratti ka'i! \q1 Hooleen akka bittinnoottuuf, tissee dhowi! \q2 Ani harka kiyya, buruusoo irralle'etti hin deebifadha. \q1 \v 8 Lafa duudii keessaa, kolbaa harka sad keessaa, \q2 harki lama dhowamee hin bada; \q2 teetuu malee harka sad keessaa, \q2 harki tokko hin hafa. \q1 \v 9 Worra hafe harka sad san, ibidda keessa buusa; \q2 akkuma meetiin ibiddaan qulleeffantu, \q2 isaan hin qulleessa; \q2 akkuma worqiin ibiddaan haga ilaallantu, \q2 isaan haga hin ilaala. \q1 Isaan maqaa kiyya hin waaman \q2 anille isaaniif hin dhage'a. \q1 Ani, ‹Kolbaa tiyya› isaaniin hin jedha; \q2 isaanille, ‹Mootiin Waan Maraa \q2 Waaqa keenna› hin jedhan» jedha. \c 14 \s1 Yerusaalemii Fi Gosa Biyya Adda Addaa \p \v 1 Guyyaan muraa Mootii Waan Maraa dhufaara; yennaa san saantoti waan isin irraa fudhatane, ila teessan duratti hin qoqoodaman. \v 2 Mootiin Waan Maraa gosi biyya adda addaa duudiin Yerusaalem akka lolanuuf wolitti isaan hin qaba. Qachaan sun hin qabatama; manni hedduun hin saamama; dubartoota hin gudeedan\f + \fr 14:2 \fr*\fqa Hin gudeedan: \fqa*\ft Yookiin hunnaan woliin hin rafa.\ft*\f*. Kolbaan gamisi booji'antee deenti; worri hafe ammoo qachaa keessaa hin bayu. \v 3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akkuma dur lole gosa biyya adda addaa san loliisaaf hin ka'a. \v 4 Guyyaa san miilli isaa gaara ejersaa ka Yerusaalem irraa gara aduun baatu jiru irra hin dhaabbata; gaarri ejersaa gara aduun baatu irraa haga gara aduun seentuu dhooqa guddo'oon addee lamatti hin qoodama; tanaaf gamisi gaaraa sanii gara kaabaa, gamisi gara kibbaatitti hin hiiqa. \v 5 Isin dhooqa gaara addee lamatti qooddee haga Azeelii geettu keessa hin baqattan; akkuma bara Uziyaa mootii Yihuda'aa, abbootiin teessan tacho'a lafaa jalaa baqatte, isinille hin baqattan. Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya, ergantoota ifii duudii woliin hin dhufa. \p \v 6 Guyyaa san ifi, boojjiin yookiin qorri hin jiraatu. \v 7 Guyyaan adda te'e, ka guyyaa yookiin galgala hin qanne, ka Mootii Waan Maraatiin beekkame tokko hin ite'a. Yennaa galgaloottu, ifi hin te'a. \p \v 8 Guyyaa san bisaan jiru'uu Yerusaalem keessaa hin burqa; gamisi isaa gara abbaayaa aduun baatuu, gamisi gara abbaayaa Mediteraaniya'aa, bonaa fi ganna hin yaa'a. \v 9 Yennaa san Mootiin Waan Maraa biyya lafaa duudii irratti mootii hin te'a; gaafas nami duudiin Mootiin Waan Maraa isa qofa akka te'e hin dhugeeffatan; maqaa isaa qofa waammatan. \p \v 10 Latti duudiin Gebaa gara kaabaa irraa, haga Rimoonii gara kibbaatitti dirree hin teeti. Qachaan Yerusaalemii ammoo, karra Beniyaaminii irraa kaasee, karaa karra duriitiin haga karra roga dalleyaa, akkasuma xelleephoo dhaka'aa ta Hanaani'elii irraa haga addee daadhii woynii mootichaa itti cunfanuutitti, ol ka'ee addee ifiititti hin hafa. \v 11 Kolbaan Yerusaalem keessa hin leeti; haganaa achi Yerusaalem deebitee hin baddu; kolbaan bidhaa malee leeti. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa ta Yerusaalem loliisaaf kaatu irratti dhukkuba balaa hin fida. Adoo dhaabbataneeranuu foon isaanii hin shama; ilti isaaniitii fi arrabi isaanii hin shama. \p \v 13 Yennaa san Mootiin Waan Maraa waan guddoo naasisu isaanitti hin fida; nami tokko tokkonuu harkaan wol qabee, wol hin lola. \v 14 Worri Yihuda'aa Yerusaalemiif rogee hin lolan. Karri gosa biyya adda addaa ta adaala sanii duudiin worqiin hedduun, meetii heddu'uu fi woyaan hedduun wolitti hin qabaman. \p \v 15 Dhukkubi balaan sun ammalle fardoo, gaangee, gaalaa fi harree, horii addee quttumaa diinaa jiru duudii irratti hin bu'a. \p \v 16 Achiin duuba gosi biyya adda addaa, ka Yerusaalem lolane keessaa worri jiru'uun hafe duudiin, wogguma wogga'aan Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaaf, jila gose'eelle jilifatiisaaf gara Yerusaalemii ol hin bayan. \v 17 Gosa biyya adda addaa keessaa, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade mooticha waaqonfatiisaaf, gara Yerusaalemii ka ol hin baaneef, bokkeenni hin roobu. \v 18 Worri Gibxi'iille jila san jilifatiisaaf gara Yerusaalemii yoo ol hin bayin, bokkeya hin dhaggatanu; Mootiin Waan Maraa dhukkuba balaa, ka gosa biyya adda addaa ta gara Yerusaalemii ol baatee, jila gose'ee jilifatuu didde irratti fide san, isaan irralle'etti hin fida. \v 19 Adabbiin worra Gibxi'iitii fi gosa biyya adda addaa, ka ol bayanee jila gose'ee jilifatiisa didanu duudii irratti dhuttu tana. \v 20 Guyyaa san bilbila morma fardo'oo irratti, «Mootii Waan Maraatiif ka woyyoome» jedhamee hin barreeffama. Okkoteen Galma Waaqaa keessatti itti iffeelatanu akka qorii addee ciinca'aa irraatitti hin woyyoonti. \v 21 Okkoteen itti iffeelatanu ta Yerusaalem keessaatii fi Yihudaa keessaa duudiin, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef ta woyyoonte hin teeti. Worri ciincaa dhikeessiisaaf dhufu duudiin, foon ciinca'aa itti hin iffeelan. Yennaa san Galma Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee keessatti, nami daldalu tokkolle hin jiraatu.