\id TIT - Guji Bible \ide UTF-8 \h Tiitoos \toc1 Ergaa Phawuloos Gara Tiitoosii Erge \toc2 Tiitoos \toc3 Tit. \mt2 Ergaa Phawuloos \mt1 Gara Tiitoosii Erge \imt Seensa \ip Tiitoos worra Yihudoota hin te'in keessaa nama gara kiristaanumma'aa deebi'eeru; inni ergaa Phawuloosii ta Wongeelaa, isa woliin ka huju qarqaaraa isaa ti. Phawuloos ergaa tana qarqaarticha ifii Tiitoosii woggaan isaa diqqo'ootiif barreesse. Yennaa san Tiitoos hujii wolde'a kiristaanaa toowataa, biyya Qarxeesii keessa jiraayyu. Ergaan tun yaada gugurdaa sad ifi keessaa qaddi. \ip Taakkeessoo, sooreyyiin wolde'a kiristaanaa irra caalaa amala badaa worra Qarxeesii biratti yennaa ilaallamu, amala attamii qabaatiisaaf akka malane Tiitoos qaabachiiseera. Lammeessoo, worra wolde'a kiristaanaa keessatti dhaggamu golii adda addaa, jaarsa, jaartii, dargaggoota dhiiraatii fi dubarti'ii, akkasuma tajaajiltoota attamiin akka barsiisu gorsi kennameera. Muummee irratti marroo amala Kiristaanaa keessattuu nageyaa fi lansumma'aan akka jiraattu, wolde'a kiristaanaa keessaa jibbansa, moroma'aa fi wol fojiisa marroo balleessiisaa gorsaa fi akeettiin Tiitoositti kennanteerti. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-4\ior* \io1 Sooreyyii wolde'a kiristaanaa\ior 1:5-16\ior* \io1 Wolde'a kiristaanaa keessatti qooda hujii golii adda addaa\ior 2:1-15\ior* \io1 Gorsaa fi ifi eegannoo\ior 3:1-11\ior* \io1 Yaada Buufataa\ior 3:12-15\ior* \c 1 \p \v 1 Ani Phawuloos tajaajilaan Waaqaatii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, dhugeeffannaa worra Waaqaa filameetii fi beekkumsa dhuga'aa ka gara nama Waaqaa te'iisaatitti geessu akka beekanuuf ka erge, \v 2 dhugeeffanna'aa fi beekkumsi kun, addii jiruu bara baraa, ka Waaqi dhara hin dubbanne, jalqaba baraatiin dura kenne irratti ta hundootte. \v 3 Yennaan inni murteesse geennaan, ajaja Waaqa fayyisaa keennaatiin karaa lallaba maganne'een natti kennameetiin, Jecha ifii mudhiseera. \p \v 4 Karaa dhugeeffannaa woliin qannuun, dhugumaan ilma kiyya ka teete Tiitoos, \p Waaqi Abbaan, fayyisaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya sii kennu.\x - \xo 1:4 \xo*\xt 2 Qor. 8:23; Gal. 2:3; 2 Xim. 4:10\xt*\x* \s1 Tiitoos Oddoola Qarxeesii Keessatti Huje \p \v 5 Wonni ani oddoola Qarxeesii keessatti si lakkiseef, waan karaa hin qabatin hafe akka karaa qassiittuu fi akkuma ani si ajaje qachaa duudii keessatti jaarsolee wolde'a kiristaanaa akka filtuufi. \v 6 Jaarsi wolde'a kiristaanaa ka hin komatanne, ka niitii takka'aa, ka ijoolleen isaalle dhugeeffattuu fi baalagumma'aan yookiin ajajama dhabiisaan maqaan isaanii hin kaane te'uu qaba. \v 7 Toowataan\f + \fr 1:7\fr*\fqa Toowataan: \fqa*\ft Afaan Giriikiitiin Ephes Qophos jedhama\ft*\f* wolde'a kiristaanaa tokko maganneen hujii Waaqaa ka itti kennante waan te'eef, ka hin komatanne te'uu qaba. Inni nama kooru, yookiin nama dafee aaru, yookiin nama machowu, yookiin nama lola jaalatu yookiin nama beese'eef joljolu te'uu hin qabu. \v 8 Nama keessummaa fudhatu, nama waan dansaa jaalatu, nama ifi qabatu, nama qajeelaa, nama woyyichaa\f + \fr 1:8\fr*\fqa Nama woyyicha: \fqa*\ft Nama Waaqaaf ifi kenneeru\ft*\f* fi nama adaba qabu te'uu qaba. \v 9 Worra dhibii barumsa sirrii te'een jajjabeessiisaa fi dokonkora worra moromuu mudhisiisaaf akka dande'u akkuma baratetti ergaa addatantuu jabeessee qabatuu qaba.\x - \xo 1:9 \xo*\xt 1 Xim. 3:2-7\xt*\x* \p \v 10 Namooti hedduun worri hin ajajane, worri jecha midhaan hin qanne dubbatee nama wollaalchisu, keessattuu worri worra Yihudootaa\f + \fr 1:10 \fr*\fqa Worra Yihudootaa: \fqa*\ft Golii worra haqanqabaa qabatuu\ft*\f* keessaa dhugeeffate jira. \v 11 Isaan bu'aa fokkisiisu dhaggatiisaaf jedhanee, waan barsiisiisaaf hin malle barsiisaa, maatii duudii waan laambubanuuf, haasowa isaan kutiisa barbaachisa. \v 12 Isaanuma keessaa, raagichi isaanii tokkoo, «Worri Qarxeesii yennaa maraa dharaameyyii, bineensota hama'aa fi booseyyii gadhito'o» jedheera. \v 13 Ragaan kun dhuga'a. Tanaaf, akka isaan dhugeeffannaa sirrii teete qabaatanu, jabeessi isaan xixi; \v 14 haganaa achille isaan oduu Yihudootaa ta durii, yookiin ajaja worra dhugaa irraa fagaatee akka hin caqanne godhi. \v 15 Worra qullowaneef wonni marti qullu'u; worra batti'ii fi worra hin dhugeeffanneef ammoo, waan qalbii fi yaadi gadhaa isaanii battoweeruuf, wonni takkaalle qullu'uu moti. \v 16 Isaan Waaqa hin beenna jedhan, hujii ifiitiin ammoo isa mormatan. Isaan worra jibbama'aa fi worra hin ajajanne, worra waan dansaa tokkolle hujiisaaf hin dandeenne. \c 2 \s1 Barnoota Sirrii Te'e \p \v 1 Ati ammoo waan barnoota sirrii te'een wolii galu barsiisi. \v 2 Jaarsi ka hagatti le'u, ka kabajaa qabu, ka ifi qabatuu fi ka dhugeeffannaa, jaalalaa fi ossa sirrii te'e qabu akka te'u barsiisi. \v 3 Akkasuma jaartiin adaba ifiitiin ta ifi qabattu teetee, waan dansaa barsiittuutii malee, ta hamattu yookiin ta daadhii yortu akka hin teene barsiisi. \v 4 Isaan, akka dubartooti ka'im abbaa manaatii fi ijoollee ifii jaalattu, \v 5 Jechi Waaqaalle akka hin arraffanne, ta ifi qabattuu fi qulluu, ta akka dansaa mana ifii qabattu, arja'aa fi ta dhirsaaf ajajantu akka teetu barsiisanuu ti. \v 6 Akkasuma dargaggooti akka ifi qabattu gorsi. \p \v 7 Atinuu waan duudi'iin fakkeenna dansaa isaaniif te'i. Barsiisiisa keeti keessalle'etti dhugaamessaa fi nama kabajamaa te'uu keeti mudhisi. \v 8 Worri mormu waan badduu nu irratti dubbatu dhabee akka fokkifatu, jecha sirrii te'e ka hin tuffatanne dubbadhu. \p \v 9 Garbooleen goottolee ifiitiif akka ajajantu, waan maraan akka isaan gammachiittu, akka dubbii ila keessa itti hin deebinnee fi, \v 10 akka isaan jalaa wo hin hanne barsiisi. Barnooti marroo Waaqa fayyisaa keennaa, karaa duudi'iin akka tolu yennaa mara worra dansa'aa fi addatamaa akka te'ane mudhisanuu ti. \p \v 11 Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera. \v 12 Badhaadhi kun cubbu'uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa. \v 13 Addii gammachiittuu\f + \fr 2:13\fr*\fqa Addii gammachiittu: \fqa*\ft Addii eebbifante\ft*\f* fi ulfinnaan mudhatiisa Waaqa guddaa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii hin eeganna. \v 14 Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera. \p \v 15 Worra si dhage'u jajjabeessaa yennaa xixxu, baallii teeti guutu'uun waan kana duudii barsiisi. Nami tokkolle si hin tuffatin. \c 3 \s1 Waan Dansaa Hujuu \p \v 1 Kolbaan bulchitootaa fi worra baallii qabu jalatti akka bultu, akka ajajantuu fi karaa maraan waan dansaa hujiisaaf ta qophootte akka teetu qaabachiis. \v 2 Nama tokko irralle'etti hantuu akka hin dubbanne, nageelliyye'ee fi nama dansaa te'anee, yennaa mara karaa maraan nama duudi'iif gadhi-laafinna akka mudhisanu himi. \v 3 Tanaan qara nuutille gowwoolee, worra hin ajajanne, worra sobame, worra halcha'aa fi gammachuu foonii ta adda addaatiif garboolee teeneerru. Nuuti hammeennaa fi hinaaffa'aan le'aa, worra dhibi'iin jibbatannee wolille jibbaa turre. \v 4 Ammoo arjumma'aa fi jaalaltiin Waaqa fayyisaa keennaa yennaa mudhatte, \v 5 hujii balchummaa nuuti hunyeef adoo hin te'in, marartii ifiitiin, karaa dhiqata dhaloota lammeesso'ootii fi Ayyaana Woyyichaan haareffamiisaatiin nu fayyise. \v 6 Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Woyyicha nu irratti fakkansee buuse. \v 7 Badhaadha isaatiin balchoonnee, jiruu bara baraa ta addi'iin eegannu san akka dhaalluuf inni tana godhe. \v 8 Wonni kun jecha dhuga'aa ti. \p Worri Waaqatti dhugeeffate hujii dansaa hujiisaaf akka ifi kennu, jabeessitee akka gorsitu barbaada; wonni kun dansa'aa fi ta nama maraaf bu'aa qaddu. \v 9 Ammoo wol mormii gowwootaa, hidda dhalootaa laakkowuu, wol lolu'uu fi Seera Muuse'ee irratti wol dhabiisa irraa fagaadhu. Sababille wonni kun bu'aa fi gatii hin qaddu. \v 10 Nama gargar bayiisa kaasu yennaa tokkoo fi lama itti gorsi, achiin duuba isa woliin womaa hin qabaatin. \v 11 Nami akkasii, nama jallatee cubbuu hujee, yakkaa ifitti mure akka te'e beeki. \s1 Gorsa Muumme'ee \p \v 12 Ganna qachaa Niqopholiisii keessatti dabarsu'uuf waan murteeffadheef, yennaa ani Arxemaas yookiin Xikiqoos gara keeti erge, haga dandeette ariiti'iin achitti natti dhufiisaaf wodhaan.\x - \xo 3:12 \xo*\xt HuE. 20:4; Efe. 6:21-22; Qol. 4:7-8; 2 Xim. 4:12\xt*\x* \v 13 Zenaasii seera beeka'aa fi Apholoosiif, deensa kara'aatii waan barbaachisu maraan haga dandeette gargaar.\x - \xo 3:13 \xo*\xt HuE. 18:24; 1 Qor. 16:12\xt*\x* \v 14 Kolbaan teenna leetoo bu'aa hin qanne akka hin leene, waan leeto'oo barbaachisu hujjee dhaggatiisaaf, hujii dansaa hujiisaaf ifi kenniisa barattuu ti. \p \v 15 Worri na woliin jiru duudiin nageya siif dhaameera. Worra dhugeeffanna'aan nu jaalatuuf nageya keenna himi. \p Badhaadhi Waaqaa isin duudii woliin jiraatu.