\id RUT - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Ruutii \toc1 Kitaaba Ruutii \toc2 Kitaaba Ruutii \toc3 Rut. \mt1 Kitaaba Ruutii \imt Seensa \ip Dabarsiin Ruutii ta nageyaan guutante, bara hammeennaa ka kitaaba abbootii mura'aa keessatti himame keessa dhaggante. Dubartii biyya Mo'aabii ta teete, Ruuti, namicha Israa'elicha tokko heerumtee turte. Inni yennaa du'e, Ruuti, haadha sodda'aa ta ifii Israa'elitti'iif addatamummaa baaseffachiittu mudhittee, Waaqa Israa'eliitiifille gad fageennaan ifi kennite. Muummee irratti, fira dhirsa isi'ii ka durii keessaa, dhirsa dhibii heerumtee, karaa heeruma kanaatiin, mooticha Israa'elii guddaa ka te'e, abuuboo Daawitii teeti. \ip Dabarsiin kitaaba abbbootii mura'aa keessa jirtu, kolbaan Waaqaa yennaa isa irraa fagaatte badii isaan irra geette mudhitti. Dabarsiin kitaaba Ruutii keessaalle, dubartii ormaa ta gara Waaqa Israa'elii deebite takka eebba isiin dhaggattee fi golii kolbaa addatantuu Waaqaa akka isiin teete mudhitti. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Naa'oom Ruuti woliin gara Beeteelemii deebite\ior 1:1-22\ior* \io1 Ruuti Bo'aziin wol dhaggite\ior 2:1—3:18\ior* \io1 Bo'az Ruuti fuudhe\ior 4:1-22\ior* \c 1 \s1 Eliimelekii Fi Maatiin Isaa Biyya Mo'aabiititti Godaanane \p \v 1 Bara durii, yennaa abbootiin mura'aa biyya Israa'elii bulchitu, beelti biyyatti buunaan, namichi tokko ka qachaa Beeteelemii lafa Yihuda'aa keessaa, haadha manaa ifiitii fi ijoollee ifii ta dhiiraa lamaan woliin gara lafa Mo'aabii godaane. \v 2 Maqaan namicha sanii Eliimelek; haati manaa isaalle Naa'oom; ilmaan isaa lamaan ammoo Maahiloonii fi Kiliyoon. Isaan dhalootaan worra Efraata'aa, ka qachaa Beeteelemii lafa Yihuda'aa keessaa ti. Isaan biyya Mo'aabii dhaqanee achi qubatane. Adoo achi le'anuu, \v 3 abbaan manaa Naa'oomii, Eliimelek du'e. Isiin ilmaan ifii lamaan woliin hatte. \v 4 Isaan lamaanuu durra gosa Mo'aabii fuudhane; maqaan takka'aa Orpha'a, tuun ammoo Ruuti. Gara woggaa kudhanii achi le'aneeranuun, \v 5 Maahiloonii fi Kiliyoonille du'ane; tanaaf Naa'oom abbaa manaa ifiitii fi ilmaan ifii lamaanuu dhaddee hatte. \s1 Naa'oomii Fi Ruuti Gara Beeteelemii Deebi'ane \p \v 6 Naa'oom adoo biyya Mo'aabii jirtuu, akka Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii qaabatee midhaan kenneef waan dhageetteef, niitota ilmaan ifii woliin gara biyya Yihuda'aa deebi'iisaaf kaate. \v 7 Maarre isiin addee le'aa turte sanii kaatee, niitota ilmaan ifii lamaanuu woliin gara biyya Yihuda'aa deebi'iisaaf deemiisa jalqabane. \v 8 Naa'oom ammoo niitota ilmaan ifii lamaaniinuu, «Gara mana haadhotii teessanii deebi'a'a. Akkuma isin anaa fi worra isin irraa du'eef dansaa gootane, Mootiin Waan Maraa waan dansaa isinii godhu. \v 9 Tokko tokkoon keessanuu deebitanee heerumtanee, bulii dansaa akka dhaggattanu Mootiin Waan Maraa isin qarqaaru» isaaniin jette. \p Achiin duuba isiin sunqattee nageya itti dhaante; isaan ammoo iyyanee bowanee, \v 10 «Waawwo'o, nuuti si woliin gara kolbaa teetii ideenna» isi'iin jedhane. \p \v 11 Naa'oom ammoo, «Durra tiyya, deebi'a'a, maaf na woliin deentan? Ani ilmaan dhibii ta isin dhaaltu gadhaa kiyya keessaa qaba seetanii? \v 12 Durra tiyya, deebi'a'a, karaa keessan qabadha'a, ani akka malee waan dulloomeef hin heerumu. Ani silaa yoo addii qabaadheeyyuu, edanumaayyuu heerumee, ilmaanille deye, \v 13 haga isaan gugurdatanutti hin eegattanii? Tanaaf jettanee heeruma dhaddanii ree? Waawwo'o, durra tiyya, waan harki Mootii Waan Maraa natti fideen, akkas te'uun keessan guddoo na gaddisiitteerti» isaaniin jette. \p \v 14 Achiin duuba isaan ammalle iyyanee wolitti bowane. Orphaan haadha sodda'aa ifii sunqattee nageya itti dhaante, Ruuti ammoo itti maxxante. \v 15 Maarre Naa'oom, Ruutiin, «Ilaa, Masaanuun teeti gara kolbaa ifiitii fi waaqota ifii deebiteerti; atille masaanuu\f + \fr 1:15 \fr*\fqa Masaanuu: \fqa*\ft Masaanuun tun niitii obboleessa dhirsa isi'ii ti.\ft*\f* teeti gula deebi'i» jette. \p \v 16 Ruuti ammoo, «Si biraa akka deemu yookiin duubatti akka deebi'u na hin uttisin! Addee ati deentu, anille hin deema; addee ati leetu, anille hin le'a; kolbaan teeti kolbaa tiyya, Waaqi keeti Waaqa kiyya naa hin te'a. \v 17 Addee ati itti duututti, anille hin du'a; achitti hin awwaalama, du'a malee wonni si irraa gargar na baasu yoo jiraatte, Mootiin Waan Maraa natti muruu ti!» jette. \p \v 18 Naa'oom akka Ruuti isii woliin deemiisaaf murteeffatte yennaa dhaggite, dabaltee womaa hin dubbanne. \p \v 19 Maarre isaan lamaan haga Beeteelem geyanutti deemane. Yennaa isaan Beeteelem geyane, qachaan duudiin sababa isaaniitiif girrise; dubartootille, «Tun dhugumaan Naa'oomii?» jedhane. \v 20 Isiin, «Naa'oom\f + \fr 1:20 \fr*\fqa Naa'oom: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Gammada yookiin gammachiisaa \ft*\ft jechu'u.\ft*\f* jettanee na hin waamina'a, Waaqi Waan Mara Dande'u jiruu tiyya waan natti hadheesseef, ‹Maaraa\f + \fr 1:20 \fr*\fqa Maaraa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Gadda yookiin hadhowaa \ft*\ft jechu'u.\ft*\f*› naan jedha'a! \v 21 Guutuu asii baye, Mootiin Waan Maraa ammoo duwwaa deebisee na galche; eega Mootiin Waan Maraa na rakkisee, Waaqi Waan Mara Dande'u waan hantuu natti fidee, maaf, ‹Naa'oom› naan jettan?» jetteen. \p \v 22 Maarre Naa'oom niitii ilma ifii, ta gosa Mo'aabii, Ruuti woliin, biyya Mo'aabii irraa deebite. Isaan yennaa jalqaba haammaa garbu'uu qachaa Beeteelemii geyane. \c 2 \s1 Ruuti Fichaa Bo'azii Keessaa Woxoo\f + \fr 2:1 \fr*\fqa Woxoo: \fqa*\ft Naannoo tokko tokkotti \ft*\ft Deeggee \ft*\ft jedhama.\ft*\f* Qocatte \p \v 1 Naa'oom namicha dureessa beekkamaa, worra Eliimelekii ka te'e, Bo'az ka jedhamu, fira dhirsa isi'ii ka te'e tokko qaddiiyyu. \v 2 Gaafa tokko intalti gosa Mo'aabii Ruuti, Naa'oomiin, «Me gara fichaa nama fuula isaa duratti fudhatama dhaggadhuu dhaqee duubaan woxoo qocadha» jette; Naa'oomille, «Intala tiyya, deemi» jetteen. \p \v 3 Maarre isiin dhaxxee, fichaa keessa worra midhaan haamu duubaan woxoo qocatte. Ada fichaan isiin woxoo qocattuun sunuu, fichaa Bo'azii worra Eliimelekiitiiyyu. \p \v 4 Yoosuma Bo'az Beeteelem irraa dhufee, worra midhaan haamuun, «Mootiin Waan Maraa isin woliin jiraatu» jedhee nageya fuudhe. Isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa si eebbisu» jedhane. \p \v 5 Achiin duuba Bo'az, «Intalti dargaggeettiin tun ta eennuuti?» jedhee itti gaafatamaa worra midhaan haamuu gaafate. \p \v 6 Tajaajilichi itti gaafatamaan worra midhaan haamuu sun deebisee, «Isiin intala Naa'oom woliin biyya Mo'aabii irraa dhutte. \v 7 Isiin, anaan ‹Maganne'ee, worra midhaan haamu duubaan odduu ladde'eetii\f + \fr 2:7 \fr*\fqa Odduu ladde'eetii: \fqa*\ft Odduu uma'aatii \ft*\ft jechuulle hin dande'ama.\ft*\f* woxoo qocadha› jette. Ganamaa jalqaddee haga ammaa woxoo qocataa turtee, amma gaaddisa jalatti diqqoo foora fudhatiisatti jirti» jedhe. \p \v 8 Achiin duuba Bo'az Ruutiin, «Intala tiyya, na dhage'i; dubartoota hojjattoota as jirtu gula woxoo qocadhu malee, fichaa kana lakkittee, fichaa dhibii keessaa woxoo qocatiisaaf hin dhaqin. \v 9 Fichaa isaan haamanu ilaan qabii, isaan faana deemi. Dargaggeeyyiin dhiiraa akka si hin nunnussine ani ajajeera. Yennaa dheebotte, okkotee isaanii keessaa dhaqii uni» jedheen. \p \v 10 Achiin duuba Ruuti fuulaan lafatti gad jiddee, «Ani orma tokko yennaa te'u, ati akka naa yaadattu, fuula keeti duratti maaf fudhatama dhaggadhe?» isaan jette. \p \v 11 Bo'az ammoo deebisee, «Haga abbaan manaa keeti du'ee wonni ati haadha sodda'aa teetii goote marti, abba'aa fi haadha teeti, lafa itti dhalattelle lakkittee gara kolbaa duraan hin beennee attam akka dhutte, guutumatti martinuu natti himameera. \v 12 Hujii teetiif Mootiin Waan Maraa sii kaffalu. Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ka bobaa isaatitti dheette kaffaltii guutuu sii kaffalu» jedhe. \p \v 13 Achiin duuba Ruuti, «Ani tajaajiltoota teeti keessaa takkaa te'uu dhabulle, waan na jajjabeessitee ana tajaajiltuu teetitti gadhi laafinnaan dubbatteef, goottaa kiyya, fuula keeti duratti ani fudhatama hin dhabin» jette. \p \v 14 Yennaa sagalee nyaataatitti Bo'az, isi'iin, «As koy, daabboo tana itto'otti cuuphadhuu nyaadhu» jedheen; maarre isiin worra midhaan haamu bira teette; Bo'azille akum'ee garbuu sanii isii dura qabe. Isiin haga quuttutti nyaattee, hambaalle hatteef. \v 15 Yennaa isiin woxoo qocatiisaaf kaate, Bo'az hojjatoota ifiitiin, «Odduu ladde'eelle'ee woxoo qocattuutii, isii hin xixina'a. \v 16 Laddee keessalle'ee luqqisaa, akka isiin woxoo qocattu lakkisa'aaf, isii hin xixina'a» jedhe. \p \v 17 Maarre Ruuti haga galgalaatitti fichaa keessaa woxoo qocatte. Achiin duuba woxoo qocatte san sukkuumattee garbuu gara kiiloo kudhanii te'e. \v 18 Ruuti garbuu san fudhattee gara qacha'aa dhuttee, woxoo hagam geettu akka qocatte haadha sodda'aa ta ifiititti mudhitte. Achiin duuba Ruuti nyaattee quutteertuun hambaa irraa hatte fuutee haadha sodda'aa ifiitiif kennite. \v 19 Haati sodda'aa ta isi'ii, «Ati adha eessaa woxoo qocatte? Eessa hujatte? Nama siif yaade san Waaqi eebbisuu ti» jetteen. Maarre Ruuti, «Maqaan namicha ani adha fichaa isaa keessa hujadhee Bo'az» jettee haadha sodda'aa ta ifiititti hinte. \p \v 20 Achiin duuba Naa'oom niitii ilma ifiitiin, «Mootiin Waan Maraa ka worra jiruu fi worra du'elle'eef arjummaa ifii hin lakkinne, isa eebbisu» jette. Ammalle Naa'oom, Ruutiin, «Namichi sun fira aanti'ii keenna; inni nama nu dhaalu» jette. \p \v 21 Achiin duuba Ruuti, «Inni ‹Haga midhaan kiyya mara haamamee fixamutti, hojjatoota tiyya biraa hin fagaatin› naan jedheera» jetteen. \p \v 22 Naa'oom, Ruutii niitii ilma ifiitiin, «Intala tiyya, dubartoota hojjattoota isaa woliin hujachuu sii woyya; fichaa nama dhibi'ii yoo dhaxxe si rakkisan fa te'a» jette. \v 23 Maarre Ruuti haadha sodda'aa ifii woliin le'aa, dubartoota Bo'azii hojjatanu irraa adoo hin fagaatin, haga qamadi'ii fi garbuun haamamanee fixamanutti woxoo qocatte. \c 3 \s1 Ruuti Abbaa Manaa Dhaggatte \p \v 1 Naa'oomiin haati sodda'aa ta isi'ii, «Intala tiyya, ati mana qabaattu sii dansa'aa, ani bultii sii barbaada. \v 2 Bo'aziin ati dubartoota hojjattoota isaa woliin hujju, fira aanti'ii keenna; kunoo inni galgala adhaa garbuu eeddumme'etti hin qulleeffata. \v 3 Amma nafa dhiqadhuu, dibadhuu, woyaa adduu teeti uffadhuu gara eeddumme'ee gad dhaqi; ammoo haga inni nyaataa fi unii fixatutti itti hin mudhatin. \v 4 Yennaa inni irkate, addee inni irkate hubadhu; achiin duuba, dhaqiitii miila isaa irraa woyaa saaqiitii miila isaa jalaan irkadhu\f + \fr 3:4 \fr*\fqa Miila isaa irraa woyaa saaqiitii miila isaa jalaan irkadhu: \fqa*\ft Akka aadaa worra Yihudootaatitti dubartiin takka woyaa saaxxee miila nama tokkoo jalaan yoo irkatte, na fuudhi \ft*\ft jechu'u.\ft*\f*; innille waan ati gootu sitti hin hima» isi'iin jette. \p \v 5 Ruuti deebittee, «Waan maraayyuu akkuma ati jette hin godha» jetteen. \p \v 6 Maarre Ruuti gara eeddumme'ee gad dhaxxee akkuma haati sodda'aa isi'ii jetteen goote. \v 7 Bo'az nyaatee uneen duuba, gammadaan, tuulaa garbu'uu bira irkatiisaaf dhaqe. Achiin duuba Ruuti suutaan dhuttee, miila isaa irraa woyaa saaxxee, jalaan irkatte. \v 8 Halkan wodhakkaa Bo'az dedhuma dammaqee, garagalee, dubartiin takka, miila isaa jalaan irkatteertuun dhaggee baaseffate, \v 9 «Ati eennu?» jedhee gaafate. \p Isiille deebittee, «Ani tajaajiltuu teeti Ruuti, goottaa kiyya; ati fira aanti'ii waan teeteef, ati eegunsa naa godhiisaaf itti gaafatamummaa qadda. Tanaaf na dhaali» jetteen. \p \v 10 Inni, «Intala tiyya, Mootiin Waan Maraa si eebbisu; addatamummaan teetii ta ammaa tun ta dur haadha sodda'aa teetiif goote caalti; hiyyeessalle te'ee yookiin dureessa, ati dargaggeeyyii gula hin deenne. \v 11 Ammalle, intala tiyya, hin sodaatin; akka ati dubartii dansa'aa kolbaan tiyya duudiin waan beettuuf, waan ati na gaafatu mara siif hin godha. \v 12 Fira aanti'ii te'uun kiyya dhuguma; te'uu malee na caalaa fira aanticha ka te'e nama dhibi'itti jira. \v 13 Edana as buli; barii, inni yoo si dhaale dansa'a; dhaaluu ti. Inni si dhaaluu ka hin feene yoo te'e, Mootii Waan Maraa jiraata'aan kakadha, ani si dhaala; haga bariitutti irkadhu!» jedheen. \p \v 14 Maarre isiin haga bariitutti miila isaa jala irkatte; ammoo gara eeddumme'ee akka isiin dhutte eennulle akka beeku, Bo'az waan hin barbaadiniif, Ruuti barii caararra'aan kaate. \v 15 Achiin duuba inni Ruutiin, «Qophisoo uffatteertu as fidii afi» jedhe; isiille atte, innille garbuu gara kiiloo diddamaa itti ba'achiise; achiin duuba isiin gara qacha'aa deebite\f + \fr 3:15 \fr*\fqa Isiin gara qacha'aa deebite: \fqa*\ft Barreeffam Ibrootaa ka durii gariin \ft*\ft Inni gara qacha'aa deebi'e jedha.\ft*\f*. \p \v 16 Ruuti gara haadha soddaa ifii Naa'oomii yennaa deebite, Naa'oom, «Intala tiyya, dubbiin attam sii teete?» jettee gaafatte. \p Achiin duuba Ruuti waan Bo'az godheef mara itti odeessitee, \v 17 «Inni, ‹Harka duwwaa gara haadha sodda'aa teeti hin deebi'in› naan jedhee, garbuu gara kiiloo diddamaa kana naa kenne» jette. \p \v 18 Naa'oom deebittee, «Intala tiyya, namichi adha dubbii hobbaasu malee waan hin foorfanneef, haga deebii dubbii tanaa dhaggitutti eegadhu» jette. \c 4 \s1 Bo'az Ruuti Fuudhe \p \v 1 Bo'az gara addee karra yaa'ii qacha'aa dhaqee achi tee'e. Namichi fira aanti'ii, ka Bo'az dubbateeru kuun, achiin dabariisaaf dhufe. Maarre Bo'az, «Jaali, koottu me; as tee'i» jedheen. Innille dhaqee tee'e. \v 2 Achiin duuba Bo'az jaarsolee qacha'aa nama kudhan fudhatee, «As tee'a'a» jedheen. Yennaa isaan tee'ane, \v 3 inni namicha fira aanti'iitiin, «Naa'oom, ta biyya Mo'aabiitii deebite, lafa qooda Eliimelekii fira keennaa gurguratiisaaf barbaaddi. \v 4 Atille marroo waan kanaa beekuu qadda jedhee yaade. Amma, worra as tee'u kanaa fi jaarsolee tana duratti bitadhu. Yoo bitatuu feete, bitadhu; yoo hin feene ammoo, akka beekuuf, natti himi; sababille bitatiisaaf nami dursu'uu male si'i, anille sitti aana» jedhe. \p Namichi, «Ani hin bitadha» jedhe. \p \v 5 Achiin duuba Bo'az, «Guyyaa lafa Naa'oom\f + \fr 4:5 \fr*\fqa Naa'oom irraa: \fqa*\ft Hiikkaan durii durii gariin \ft*\ft Naa'oomii fi Ruuti irraa \ft*\ft jedha.\ft*\f* irraa bitattu, maqaa namicha du'ee badii dhooggiisaaf, Ruutii Mo'aabittii, haadha hiyyeessaalle hin dhaalta» jedheen. \p \v 6 Namichi fira aanti'ii, «Yoo akkas teete, ijoolleen tiyya waan hin dhaalleef ani hin bitadhu; ani waan hin bitanneef, haqa kiyya fudhadhuutii atummaan bitadhu» jedhe. \p \v 7 Dur biyya Israa'elii keessatti, bitataa fi jijjiirata irratti: dubbii mirkaneessiisaaf, nami tokko kophee baafatee kaaniif kenniis aada'a; Israa'el keessatti akka kanaan bitta'aa fi jijjiirraan seera qabeessa te'a. \p \v 8 Tanaaf namichi fira aanti'ii kuun, Bo'aziin, «Atummaan ifumaaf bitadhu» jedhee kophee ifii baafatee kenne. \p \v 9 Achiin duuba Bo'az jaarsole'ee fi kolbaa achi jirtu maraan, «Waan Eliimelekii, waan ilmaan isaa Kiliyoonii fi Maahiloon qabanulle maraayyuu, adha ani Naa'oom irraa akka bitadhe isin dhugaa tiyya. \v 10 Karra isaa irratti maqaa namicha du'ee badii dhooggiisaaf, biyya itti dhalatee fi kolbaa isaa keessaa maqaan isaa akka hin banne, Ruutii biyya Mo'aabii ta Maahiloon irraa du'e, akka niitii naa teetu, ani fuudheera. Tana duudi'iif isin adha dhugaa tiyya» jedhe. \p \v 11 Achiin duuba jaarsole'ee fi kolbaan addee yaa'i'ii jirtu marti, «Ee, nuuti dhugaa sii teena. Mootiin Waan Maraa dubartii gara mana keetii dhufaartu tana, akka Raahelii fi Liyaa ijoollee Yaaqoobiif horanee si'iif godhuu ti. Efraataa keessatti hori; Beeteelem keessalle'etti beekkam. \v 12 Ilmaan Mootiin Waan Maraa karaa intala tanaatiin sii kennuun, maatiin teeti akka maatii Faaresii, ka Taamaar Yihuda'aaf deettee teetu» jedhane. \s1 Sanyii Daawitii \p \v 13 Maarre Bo'az Ruuti fuudhee niitii teeteef. Yennaa isaan wol bira geyane, Mootiin Waan Maraa isii eebbisee, isiin ulfoottee ilma deette. \v 14 Achiin duuba dubartooti qachaa Beeteelemii, Naa'oomiin, «Ka akkoo si kunuunsu adha sii kenne, guddinni Mootii Waan Maraatiif te'u. Israa'el keessatti maqaan muca'aalle ka beekkame te'u! \v 15 Niitiin ilma keetii si jaalatti; ilmaan torba sii caalti. Amma ilma bara dullummaa teetii si soorachiisuu fi jiruu teeti haaressu sii deetteerti» jedhaneen. \v 16 Achiin duuba Naa'oom mucaa fudhattee habbaaratte; kunuunsitelle gudditte. \p \v 17 Dubartooti ollaa sanii, «Ilmi Naa'oomiif laa dhalate» jedhanee, maqaa muca'aa, «Yoobeed» baasane. \p Yoobeed abbaa Iseyii ti; Isey abbaa Daawitii ti. \p \v 18 Sanyiin Faaresii isaan kana: Faares, Hesrom uumate, \v 19 Hesrom, Raam uumate; Raam, Aminaadaab uumate, \v 20 Aminaadaab, Nahasoon uumate; Nahasoon, Salmoon uumate. \v 21 Salmoon, Bo'az uumate; Bo'az, Yoobeed uumate; \v 22 Yoobeed, Isey uumate; Isey Daawiti uumate.