\id ROM - Guji Bible \ide UTF-8 \h Worra Rooma'aa \toc1 Worra Rooma'aa \toc2 Worra Rooma'aa \toc3 Rom. \mt2 Ergaa Phawuloos \mt1 Gara Worra Rooma'aa Erge \imt Seensa \ip Ergaan Phawuloosii ta gara worra Rooma'aa barreeffante, Phawuloos wolde'a kiristaanaa ka Roomaa jiru dhaqee ilaaliisaaf yaada waan qabuuf, qophowanee akka isa eeganuuf barreeffante. Yaad Phawuloosii wolde'a kiristaanaa ka Roomaa keessa jiru woliin yennaa diqqoo hujeen duuba, qarqaarsa isaaniitiin, gara Ispeenii dhaqiisa. Marroo dhugeeffannaa kiristaanaa waan isaa galeeruu fi kiristaanoti le'ii isaanii keessatti hujii irra akka oolfatanu itti himiisaaf barreesse. Ergaan Phawuloosii haala guutu'uun ergaa tana keessatti dhagganti. \ip Phawuloos dhugeeffattoota Rooma'atti dhaggamanuuf nageya ergee, akka daadimatuufille addii isaaniif kenneen duuba, handhurti yaada isaa, «Wongeelli Waaqi dhugeeffanna'aan namoota akka balchoonsu jalqabaa haga dhumaatitti mudhisa» (1:17). \ip Kanaan duuba Phawuloos yaaduma kana badhisiisaan barreessa. Worri Yihudootaatii fi worri Yihudoota hin te'inille, ilmaan namootaa duudiin, cubbuu jala waan jiranuuf, Waaqa woliin araaramuu isaan barbaachisa. Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan, namooti Waaqa woliin araaramuu dande'an. Firooma haareya Waaqa woliin godhatane kana ka fide, jiruu haareya Kiristoos woliin tokko te'ane kana akka te'e Phawuloos himeera. Dhugeeffataan Waaqa woliin nageya qaba. Ayyaana Waaqaatiin cubbu'uu fi du'a jalaa bayeera. Foorota 5-8 keessatti Phawuloos yaada Seera Waaqaatii fi le'ii dhugeeffata'aa keessatti hunna Ayyaana Waaqaa akeeka. Achiin duuba Phawuloos, «Karoora Waaqi sanyii namaatiif qabu keessatti Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in attam wolii galuu dande'an?» gaaffii jettu woliin wodhaantoo qabata. \ip Ammalle Yihudooti Yesuus fudhatuu dhabiisi karoora Waaqaa akka teete mudhisa; sababille haala kanaan sanyiin ilmaan namaa marti badhaadha Waaqi Yesuus Kiristoosiin mudhise keessa dabaruu dandeetti; teetuu male, yennaan Yihudooti Yesuus fudhatanu akka dhufu'uu jirtu Phawuloos hin dhugeeffata; dhuma irratti Phawuloos le'ii kiristaanaa attam akka le'uu malane, keessattuu dhugeeffattooti tokkummaa wol wolii qabanu keessatti, karaa jaalalaa hordofiisa akka barbaachisu hima; marroo Waaqa tajaajiliisaa, kiristaanoti biyya ifiitii fi wol wolii ifiitiif itti gaafatama qabanuu fi gaaffii wodanaa namaa keessatti kaatu, tokko tokkoon hima. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Itti seensa Yaada jabaa kitaaba kana keessaa\ior 1:1-17\ior* \io1 Fayyinni ilma namaatiif barbaachisaa akka te'e \ior 1:18—3:20\ior* \io1 Karaa Waaqi itti fayyisu\ior 3:21—4:25\ior* \io1 Jiruu haareya Kiristoosiin dhaggantu\ior 5:1—8:39\ior* \io1 Karoora Waaqi Israa'eliif qabu\ior 9:1—11:36\ior* \io1 Hujii kiristaanumma'aa\ior 12:1—15:13\ior* \io1 Yaada buufataatii fi nageya\ior 15:14—16:27\ior* \c 1 \p \v 1 Ana Phawuloosii tajaajilaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi ergamaa te'iisaaf waamamee, Oduu Gammadaa ta Waaqaa akka lallabuuf Waaqi file irraa: \v 2 Oduun Gammadaa tun akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffante, ta Waaqi bara heddu'uun duratti karaa raagota ifiitiin waadaa gale. \v 3 Oduun Gammadaa marroo Ilma isaa, Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, namoomaan sanyii Daawitii keessaa dhalatee dubbatti; \v 4 akkasuma Goottaan keenna Yesuus Kiristoos Ayyaana Woyyichaan\f + \fr 1:4\fr*\fqa Ayyaana Woyyichaan: \fqa*\ft Ayyaana woyyummaa ifiitiin\ft*\f* du'a keessaa ka'iisaan, Ilma Waaqaa akka te'e hunna guddo'oon beekkameera. \v 5 Karaa isaatii fi maqaa isaatii jedhee, worri Yihudoota hin te'in mara akka dhugeeffatuu fi ajajamu, akka ani qajeelchuuf badhaadha ergamaa te'iisaa, Waaqi naaf kenneera. \v 6 Isinille worri Roomaa keessaa, ka Yesuus Kiristoosii akka teetanuuf Waaqi waameera. \p \v 7 Maarre isin worra Roomaa keessa leetanu, ka Waaqi jaalatee akka kolbaa isaa teetanuuf waame maraaf: \p Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya kennu. \s1 Daadimata Galataa \p \v 8 Duraan dursee, dhugeeffannaan teessan biyya lafaa maratti waan dhage'amiisatti jirtuuf, karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraaf Waaqa kiyya galateeffadha. \v 9 Waaqi ani gadhaa tokkochaan Oduu Gammadaa ta marroo Ilma isaa dubbattu lallabiisaan tajaajilu, akka ani yennaa mara daadimannaa tiyyaan isin qaabadhu dhugaa tiyya. \v 10 Waaqi fedha ifiitiin dhuma irratti akka ani amma dhufee isin dhagguuf akka na dandeessisu gaafadha. \v 11 Isin jajjabeessiisaaf, eebba Ayyaanaa isiniin geyiisaaf, ani isin dhaggiisaaf guddoo barbaadeera. \v 12 Isin dhugeeffannaa tiyyaan anille dhugeeffannaa teessaniin, nuuti lamaanuu akka wol jajjabeessinu jechuu kiyya. \p \v 13 Obboleeyyan tiyya! Ani akkuma worra Yihudoota hin te'in oddu'utti dhugeeffattoota hedduu dhagge, isin odduulle'etti dhugeeffattoota dhagguu fedheeraayyu; yennaa hedduu gara keessan dhufiisaaf karoorfadhee, ammoo akka naaf hin te'in akka beettanu barbaada.\x - \xo 1:13 \xo*\xt HuE. 19:21\xt*\x* \v 14 Ani kolbaa maraaf, worra Giriikootaatii fi worra Giriikoota hin te'iniifille, qaroole'ee fi gowwoole'eefille itti gaafatama qaba. \v 15 Maarre ani isin worra Roomaa keessa leetanuufille, Oduu Gammadaa lallabiisaaf halchaa qaba. \s1 Hunna Oduu Gammadaa \p \v 16 Ani Oduu Gammadaatitti hin fokkifadhu; Oduun Gammadaa worra dhugeeffatu mara: duraan dursitee Yihudoota, akkasuma worra Yihudoota hin te'in mara fayyisiisaaf hunna Waaqaa ti.\x - \xo 1:16 \xo*\xt Mar. 8:38\xt*\x* \v 17 «Balchaan dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata» jedhantee barreeffanteerti; balchummaan Waaqaa huji'iin waan mudhatteef, jalqabaa haga dhumaatitti nami dhugeeffanna'aan balchooma. \s1 Yakkaa Ilmaan Namaa \p \v 18 Waaqa sodaa dhabiisaa fi hammeenna kolba'aa, ka hammeenna ifiitiin dhugaa mudhii dhoogganu irratti, ol-gubbaa irraa mufiin Waaqaa mudhatteerti. \v 19 Waan namooti marroo Waaqaa beekiisaaf dande'anu, Waaqinuu waan isaanitti mudhiseeruuf, isaanitti mura. \v 20 Biyyi lafaa haga dadantee jalqabee adabi isaa, jechuulle hunni isaa ta bara baraatii fi Waaqummaan isaa ilatti ta hin mudhanne, karaa waan inni dadeetiin mudhattee hubatanteerti; maarre namooti waan itti aalatanu hin qabanu. \v 21 Isaan Waaqa adoo beekaneeranu, ulfinnaa fi galata isaaf male hin kennineef; yaada ifiitille'een shufuroo te'ane; qalbiin isaanii duwwaan sun dukkanootte. \v 22 Qaroolee ifiin jedhan, ammoo isaan gowwoole'e; \v 23 ulfinna Waaqa hin duuneef kennuu malane, fakkii nama du'uutiif yookiin sinbirrootaatiif yookiin bineensota miila afuriitiif yookiin bineensota lafa irra lowanuutiif kennane. \p \v 24 Tanaaf akka isaan nafa wolii irratti waan fokkisiisu godhanuuf, halchaa isaanii badduu ta battumma'aan guutanteef akka bitamanu Waaqi dabarsee isaan kenne. \v 25 Sababille isaan dhugaa Waaqaa dharatti jijjiirane; Waaqa dade waaqonfatiisa irra waan Waaqi dade waaqonfatanee tajaajilane; Waaqi ammoo haga bara baraa ka galateeffame! Ameen. \p \v 26 Isaan kana waan hujaneef, Waaqi halchaa fokkisiittuuf dabarsee isaan kenne. Dubartiin isaanii aadaa malee dubartii woliin sagaagalte. \v 27 Akkasuma dhiirtille wol qunnamtii aada'aa ta dubartii woliin gootu lakkittee, halchaa wol woliitiin gubatte. Tanaaf dhiirti dhiira woliin waan fokkisiisu goote; hujii badduu ifiitiif adabbii malte ifitti fidane. \v 28 Namooti Waaqa beekiisa waan didaneef, Waaqi qalbii jallaametti'iif dabarsee isaan kenne; tanaaf isaan waan hujiisaaf hin malle hujan. \v 29 Isaan balleessaa adda addaatiin, hammeennaan, joljolaan, hujii gadhe'een, hinaaffa'aan, ijjeecha'aan, lolaan, sobaa fi dabaan guutamane. Akkasuma wol hamatan, \v 30 maqaa wol balleessan, Waaqa jibban, wol arrassan, hin bondhooran, ifi saadan, karaa heddu'uun hammeenna barbaadan, worra ifiitiif hin ajajamanu, \v 31 hin qalbeeffatanu, waan dubbatanu hin guutanu, woli hin jaalatanu yookiin woliif naasuu hin qabanu. \v 32 Isaan Seera Waaqaa ka, «Worra waan akkasii godhu maraaf du'atti male» jedhu hin beekan. Te'uu malee, waan akkasii mara godhiisa qofa adoo hin te'in, worra waan akkasii godhulle'een, «Dansaa gootane» jedhan. \c 2 \s1 Muraa Waaqaa \p \v 1 Ati, nama dhibi'itti ka murtu, waan itti aalattu hin qaddu. Ati ka nama dhibi'itti murtu, waanuma inni huje san waan hujjuuf, ifumatti murta.\x - \xo 2:1 \xo*\xt Mat. 7:1; Luq. 6:37\xt*\x* \v 2 Muraan Waaqaa ka worra waan akkasii huju irratti dhufu sirrii akka te'e nuuti hin beenna. \v 3 Ati ammoo, namana, yennaa waanuma namatti murte san hujju, waan muraa Waaqaa jalaa milixxe baatu sitti fakkaataa? \v 4 Yookiin gadhi-laafummaa isaa guddoo, ossata isaatii fi si dande'uu isaa hin tuffattaa ree? Wonni Waaqi gadhi-laafummaa ifii si'iif fakkanseef, gara cubbuu irraa deebi'iisaa si geessiisaaf akka te'e hin beettuu? \v 5 Ati ammoo mataa jabinnaa fi yaada cubbuu irraa hin deebine hin qadda. Yennaa mufi'ii fi muraan Waaqaa balchittiin mudhattuuf adabbii teeti kuufatiisatti jirta. \v 6 Waaqi nama tokko tokkoofuu akkuma hujii isaatitti hin kenna. \v 7 Inni worra ossee waan dansaa hujaa ulfinna, guddinnaa fi jiruu hin banne Waaqa biraa dhaggatiisaaf barbaaduuf, jiruu bara baraa hin kenna. \v 8 Worri dhibiin mataa ifii jaalatee waan dokonkora te'e hordofiisaaf dhugaa didane; Waaqi mufi'ii fi muraa ifii isaanitti hin fida. \v 9 Dhiphinnii fi rakkinni worra waan hantuu huju mara irratti, dursee Yihudoota irratti akkasuma worra Yihudoota hin te'in irralle'etti hin dhufa. \v 10 Waaqi ammoo ulfinna, guddinnaa fi nageya worra waan dansaa hujatu maraaf, dursee Yihudootaaf akkasuma worra Yihudoota hin te'iniifille hin kenna. \v 11 Waaqi nama wol hin caalchisu. \p \v 12 Worri adoo Seera Muuse'ee hin qabaatin cubbuu huju, Seera dhabulle hin badan; worri Seera adoo qabuu cubbuu huju maraa ammoo Seeraan itti muranti. \v 13 Sababille fuula Waaqaa duratti waan Seerri ajaju hujiisaan balchaa te'an malee, dhage'iisa calla'aanii moti. \v 14 Worri Yihudoota hin te'in Seera hin qabanu; Seera qabaatuu dhabanulle, dadama isaaniitiin waan Seerri ajaju hujan; isaan ifiif seera isaanii ti. \v 15 Akki isaanii akka wonni Seerri ajaju gadhaa isaanii keessatti barreeffameeru mudhisa. Yennaa tokko tokko wodanaan isaanii isaan himata; yennaa tokko tokkolle isaaniif falmata; tanaaf, wodanaan isaaniille tun dhugaa akka teete mudhisa. \v 16 Maarre, akka Oduu Gammadaa ani lallabuutitti, yennaa Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan dhossa'a ka namooti hujane maratti muru tun teeti. \s1 Yihudootaa Fi Seera \p \v 17 Kunoo ati, «Ani Yihudi'i» ifiin jetta; seeratti ciqilfatta; ka Waaqaa te'iisa keetille'een ifi jajja. \v 18 Ati fedha Waaqaa hin beetta; Seera waan baratteertuuf waan te'uu fi waan hin teene gargar baattee hin beetta. \v 19 Worra balla'aaf sooressa, worra dukkana keessa jiruuf ifa akka teete ifi addatta; \v 20 Seera keessatti beekkumsaa fi dhugaa waan dhaggiteef, gowwaa hin gorsita, wollaalaa hin barsiitta. \v 21 Ati worra dhibii ka barsiittu maaf ifi hin barsiinne ree? «Hin hatina'a!» jettee lalladda, ifiif ammoo hin hatta; \v 22 «Hin gaarayyeeffatina'a!» jetta, ifiif ammoo hin gaarayyeeffatta; waaqota dharaa waaqonfatiisa hin jibbita, ammoo galmoota isaanii hin saanta. \v 23 Seera Waaqaatiin ifi jajja, ammoo seera isaa cassiisaan Waaqa irratti fokkoo fidda. \v 24 Tun tama Barreeffam Woyyichi, «Sababa keessaniif, maqaan Waaqaa worra Yihudoota hin te'in oddu'utti faanshoweera» jedhu. \p \v 25 Ati yoo Seeraaf ajajante, haqanqabaa qabatiisi keeti gatii qaba; yoo ati ammoo Seeraaf hin ajajamin, akka ijjumaayyuu haqanqabaa hin qabatin teeta. \v 26 Worri Yihudoota hin te'in ka haqanqabaa hin qabatin, ajaja Seeraatiif yoo ajajame, akka haqanqabaa qabateetitti Waaqi hin laakkowuufii ree? \v 27 Maarre ati haqanqabaa qabattee Seera barreeffame qabaattulle, Seera waan cassiteef, worri haqanqabaa hin qabatin sitti hin mura; isaan nafaan haqanqabaa qabatiisa dhabanulle, Seeraaf ammoo ajajamaneeran. \v 28 Nami maqaa calla'aan nama Yihudi'ii te'e nama Yihudii dhugichaa moti; akkasuma haqanqabaan nafaa mudhatu qabatanu haqanqabaa dhugichaa moti. \v 29 Yihudiin dhuga'aa nama keessi isaa Yihudii te'e; haqanqabaan dhugichi, haqanqabaa Ayyaana Waaqaatiin te'u, haqanqabaa qalbi'ii ti malee, haqanqabaa nafaa, ka akka Seera keessatti barreeffameetii moti. Nami akkasii leellisa Waaqa biraa dhaggata malee, nama biraanii moti. \c 3 \p \v 1 Eegasuu bu'aan Yihudii te'iisaa maan ree? Yookiin gatiin haqanqabaa qabatiisaa maan? \v 2 Dhugumaan Yihudii te'iis karaa maraanuu gatii guddoo qaba! Wonni guddaan Waaqi magannee jecha ifii Yihudootatti kennatiisa. \v 3 Yihudoota keessaa gariin yoo hin addatamin, addatamiisa dhabiisi isaanii addatamiisa Waaqaa hin hamburaa ree? \v 4 Ijjumaa hin hamburu! \q1 «Ati jecha keetiin dhugaamessa teeta; \q2 worra si himatulle hin injifatta» jedhantee \q2 akkuma barreeffante, nami maraayyuu dharaamessa te'ulle, \q2 Waaqi dhugaamessa. \m \v 5 Ammoo balchummaa dhabuun keenna yoo balchummaa Waaqaa irra caalaa mudhise, nuuti silaa maan jenna ree? Waaqi yennaa nu adabe balleessaa hujee ree? Tana akkuma nami dubbatu dubbadha. \v 6 Ijjumaa waawwo'o! Waaqi balchaa yoo hin te'in, attamiin biyya lafaatitti mura ree? \p \v 7 Ammoo addatamuu dhabuun kiyya addatamiisa Waaqaa mudhittee, baceenna ulfinna isaa ka mudhittu yoo teete, maaf haga ammaa akka cubbaalessaa natti murama ree? \v 8 Namooti gariin, «Waan dansaa fidiisaaf, kowa'a waan hantuu huyna» jedhaa akka waan ani barsiisuu fakkeessanee na himatan; tanaaf worra akkasii irratti muraan murantu tama isaanii malte. \s1 Balchaan Hin Jiru \p \v 9 Nuuti Yihudooti worra Yihudoota hin te'in hin caallaa ree? Ijjumaa waawwo'o! Nami duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'inille hunna cubbu'uu jala akka jiranu ani dursee mudhiseera. \q1 \v 10 Akkuma barreeffante: \q2 «Nami balchaan tokkolle hin jiru, \q2 tokkolle hin jiru; \q2 \v 11 ka hubatulle hin jiru; \q2 ka Waaqa barbaadatulle hin jiru. \q1 \v 12 Martinuu worra gatii hin qanne te'aneeran; \q2 wol qabatanee dokonkoraneeran. \q2 Hujii dansaa ka huju tokkolle hin jiru; \q1 \v 13 Jecha nama miidhu dubbatiisaaf, \q2 afaan isaanii akka awwaala banamee ti; \q2 arraba ifiitiin hin soban; \q2 dubbiin hidhiin isaanii dubbattulle \q2 ta akka hadhaa dhudhuufa'aa nama miitu; \q2 \v 14 afaan isaanii abaarsaa fi \q2 dubbii hadhoottu'uun guutameera. \q1 \v 15 Miilli isaanii dhiiga namaa jissiisaaf ariifata; \q2 \v 16 addee isaan dhaqane mara badi'ii fi deegatti jira. \q1 \v 17 Karaa nageyaalle hin beekanu; \q2 \v 18 Waaqa sodaan isaan bira hin jirtu» jedha. \p \v 19 Ajaji Seeraa worra Seera jala jiru akka ilaalu hin beenna; tanaaf namooti waan itti aalatanu dhabanee afaan qabatan; biyyi lafaa duudiin muraa Waaqaa jala galti. \v 20 Tanaaf eennulle Seera muummessiisaan Waaqa duratti hin balchoomu; Seerri nami maraa cubbicha akka te'e mudhisa. \s1 Dhugeeffanna'aan Balchoomuu \p \v 21 Amma ammoo, Seeraaf adoo hin ajajamin karaan Waaqi kolbaa ittiin balchoonsu mudhateera; Seerri Muuse'eetii fi Raagotille karaa kanaaf dhugaa bayaneeran. \v 22 Waaqi worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu maraaf adoo wol hin caalchisin balchummaa hin kenna. \v 23 Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera\f + \fr 3:23\fr*\fqa Ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera: \fqa*\ft Ulfinna addee Waaqi jiruu irralle'ee fagaateera\ft*\f*. \v 24 Ammoo karaa wodoo te'iisa Yesuus Kiristoosiitiin toluma badhaadha Waaqaatiin balchoomeera. \v 25 Worri isatti dhugeeffatu maraa dhiiga isaatiin araara cubbuu ifii akka dhaggatuuf, Waaqi Yesuus Kiristoos ciincaa guma'aa godhee dhikeesse. Inni cubbuu durii ossa ifiitiin balleessiisaan muraa ifii ta sirrii teete mudhisiisaaf tana godhe. \v 26 Bara ammaa kanalle, worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu mara balchoonsiisaan, Waaqi balchaa te'iisa ifii mudhisa. \p \v 27 Yoona wonni ittiin ifi jajnu maanti jira ree? Womaa! Maaf ifi jajuu dhanna ree? Waan Seera muummessinuufii? Waawwo'o; ammoo dhugeeffanna'aan. \v 28 Maarre nami waan Seerri ajaju muummessiisaan adoo hin te'in, dhugeeffannaa calla'aan Waaqa duratti akka balchoomu dhaggina. \v 29 Yookiin Waaqi Waaqa Yihudootaa calla'aa? Inni Waaqa worra Yihudoota hin te'iniitille'ee motii? Ee, ka worra Yihudoota hin te'iniitille'e. \v 30 Waaqi tokkocha; Yihudootalle te'e, worra Yihudoota hin te'in dhugeeffannuma isaaniitiin ka balchoonsu isa.\x - \xo 3:30 \xo*\xt Gal. 3:20\xt*\x* \v 31 Eegasuu dhugeeffanna'aan Seera hin diinna jechu'uu ree? Waawwo'o; diigiisaan irra, Seera jabeessinee qabanna. \c 4 \s1 Fakkeenna Te'iisa Abrahaamii \p \v 1 Marroo Abrahaamii, abbaa sanyii teennaa maan jenna ree? Inni maan dhaggate? \v 2 Adoo waan Abrahaam huji'iin balchoomee jiraate, silaa inni waan ittiin ifi jaju qabaayyu; ammoo Waaqa duratti ifi jajuu hin dande'u. \v 3 Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef» jedha. \v 4 Mindaan nama hojjateef kaffalamu, gatii hujii isaa ti malee, akka kennansaatitti hin laakkowamu. \v 5 Nami hujii dansaa dhabulle, Waaqa cubbaalleyyii balchoonsutti yoo dhugeeffate, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti hin laakkowantiif. \v 6 Nami Waaqi hujii dansaa malee balchoonsu, nama badhaadhe akka te'e Daawitille dubbatee, \q \v 7 «Worri yakkaa isaaniitiif araarri kennamee fi \q2 cubbuun isaaniille haqanteef \q2 ka badhaadhe! \q1 \v 8 Nami Goottaan cubbuu isaa itti hin laakkonne \q2 ka badhaadhe» jedheera. \p \v 9 Badhaadhiisi kun worra haqanqabaa qabate qofaaf moo, yookiin worra haqanqabaa hin qabatinille'eef ree? Worra haqanqabaa hin qabatinille'eef. Nuuti, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffatee, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti laakkowanteef» jenna. \v 10 Dhugeeffannaan Abrahaamiif, balchumma'atti ka laakkowanteef yoom? Haqanqabaa qabateen dura moo duuba? Adoo haqanqabaa hin qabatin dura malee, duubaa moti. \v 11 Abrahaam haqanqabaa adoo hin qabatin dura, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti akka laakkowanteef, beessisa mirkaneessu akka te'uuf haqanqabaa qabate; tanaaf Abrahaam worra adoo haqanqabaa hin qabatin dhugeeffatuu fi dhugeeffannaan isaaniille balchumma'atti laakkowantu maraaf abba'a. \v 12 Akkasuma Abrahaam worra haqanqabaa hin qabatinille'eef abba'a; waan isaan haqanqabaa qabatane qofaaf adoo hin te'in, waan isaan dhugeeffannaa inni adoo haqanqabaa hin qabatin dura qabulle hordofaneef, worra haqanqabaa qabateef abbaa te'e. \s1 Waadaan Waaqaa Karaa Dhugeeffanna'aatiin Muummotte \p \v 13 Abrahaamii fi sanyiin isaa biyya lafaa akka dhaaltu wonni Waaqi waadaa galeef, marroo balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggateetiif malee, waan Seera muummesseefii moti. \v 14 Worri dhaalu worra Seera muummessu yoo te'e, dhugeeffannaan gatii hin qaddu; waadaan Waaqi galelle gatii hin qabu. \v 15 Seerri mufii Waaqaa fida; addee Seerri hin jirretti ammoo, Seera dabariis hin jiru. \p \v 16 Tanaaf waadaan dhugeeffannaa irratti hundooyeeraayyu; waadaan kunille, ka sanyii Abrahaamii maraaf, Waaqa irraa badhaadhaan kenname akka te'e tanaan mirkanoweera. Kunille, worra akka Abrahaamii dhugeeffate maraaf malee, worra Seera hordofu qofaafii moti; Abrahaam nu maraafuu abba'a.\x - \xo 4:16 \xo*\xt Gal. 3:7\xt*\x* \v 17 Barreeffam Woyyichi marroo Abrahaamii yennaa dubbatu, «Gosa heddu'uuf abbaa si godheera» jedha; Waaqa worra du'e du'aa kaasuu fi waan hin jirre jiraachisutti Abrahaam waan dhugeeffateef, Waaqi waadaa kana isaaf gale. \v 18 Abrahaam addee wonni addachiisu hin jirretti addatee, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Sanyiin teeti hin heddatti» jedhu, abbaa gosa heddu'uu te'e. \v 19 Inni nama gara woggaa dhibbaa ti; ammoo nafa ifii ka du'a geye, yookiin gadaamessa Saara'aalle ka dewuu hin dandeenne herregee dhugeeffanna'aan hin dadhanne. \v 20 Inni dhugeeffanna'aan jabaatee Waaqa ulfeesse malee, dhugeeffatiisa dhabee, waadaa Waaqaa hin mamne. \v 21 Waaqi waadaa gale ka muummessu akka te'elle gadhaa tokkochaan dhugeeffateeraayyu. \v 22 Tanaaf dhugeeffannaan Abrahaamii balchumma'atti isaa laakkowante. \v 23 Te'uu malee jechi, «Balchumma'atti laakkowameef» jedhu, Abrahaam calla'aaf adoo hin te'in, \v 24 nu'ulle'eef barreeffame. Nu worra Waaqa Goottaa keenna Yesuus du'aa kaasetti dhugeeffannuufille, dhugeeffannaan teenna balchumma'atti nu'uuf hin laakkowanti. \v 25 Yesuus sababa cubbuu teennaatiif du'aaf dabarfamee kennamee, nu balchoonsiisaaf du'aa ka'e. \c 5 \s1 Waaqa Duratti Balchoomuu \p \v 1 Tanaaf, eega dhugeeffanna'aan Waaqa duratti balchoonne, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa woliin nageya qanna. \v 2 Kiristoos gara badhaadha Waaqaa, ka amma ittiin dhaabbannee jirru kanaa nu fideera; nuutille addii ulfinna Waaqaa ittiin qoodannuun ifi jajna. \v 3 Tana qofaan adoo hin te'in, rakkinni ciniinnatanee ossiisa akka nu'uu fidu waan beennuuf, rakkinna keennalle'een ifi jajna. \v 4 Ciniinnatanee ossiisille mirkaneessiisa Waaqaa fida; mirkaneessiis Waaqaalle addii fida. \v 5 Jaalalli Waaqaa karaa Ayyaana Woyyicha nuuf kennameetiin, gadhaa keenna waan guuteeruuf, addiin nu hin qaanessitu. \p \v 6 Adoo nuuti dadhaboole'eetuu, yennaan Waaqi murteesse geennaan Kiristoos cubbaaleyyi'iif du'e. \v 7 Nama addee nama balcha'a du'u dhaggatiis guddoo rakkisa'a; te'ulle nami addee nama dansa'a du'iisaaf fedhu dhaggamuu fa dande'a. \v 8 Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi'iituu Kiristoos addee teenna du'eera; kunille jaalalli Waaqi nu'uuf qabu attam attam guddaa akka te'e mudhisa. \v 9 Amma nuuti dhiiga isaatiin eega balchoonnee, karaa isaatiin irra caalaa mufii Waaqaa jalaa hin baana. \v 10 Nuuti diinota Waaqaa ti; inni ammoo karaa du'a Ilma ifiitiin jaalota ifii nu godhe. Amma eega jaalota Waaqaa teene, karaa jiruu Kiristoosiitiin irra caalaa hin fayyina. \v 11 Tana qofa adoo hin te'in, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii ittiin Waaqa woliin araaranneetille'een, Waaqaan ifi hin jajna. \s1 Duuti Addaamiin, Jiruun Kiristoosiin \p \v 12 Karaa nama tokkochaatiin cubbuun gara biyya lafaa dhutte; cubbuulle du'a fidde. Akkasuma nami maraa cubbuu Addaamiitiin waan cubbameef, duuti sanyii namaa maratti dhutte. \v 13 Adoo Seerri Muuse'ee hin kennamin dura cubbuun biyya lafaa irra jirtiiyyuu; te'uu malee addee Seerri hin jirretti, cubbuun akka cubbu'uutitti hin laakkowantu. \v 14 Ammoo bara Addaamii irraa jalqaddee haga bara Muuse'ee, duuti nama mara irratti moote; worruma akka Addaamii Seera Waaqaa dabaree cubbuu hin hunye irralle'etti moote. \p Addaam fakkeenna Kiristoosii dhufuu ti. \v 15 Ammoo kennaan badhaadha Waaqaa akka cubbuu namaatii moti; akkuma sababa cubbuu nama tokkochaatiif worri hedduun du'e, sababa badhaadha Waaqaatii fi sababa Yesuus Kiristoosii nama tokkochaatiif, kennansi badhaadhaa worra heddu'uuf danbalaafamee kennameera. \v 16 Akkasuma bu'aan badhaadhaa, ka kennansi Waaqaa tolaa fide, ka akka cubbuun nama tokkochaa fiddeetii moti; muraan marroo cubbuu nama tokkochaatiif kenname adabbii fide; kennansi tolaa ka sababa cubbuu heddu'uutiif kenname ammoo balchummaa fide. \v 17 Eega sababa cubbuu nama tokkochaatiif duuti nama mara irratti baallii dhaggatte, worri badhaadha Waaqaa ka danbala'ee fi kennaa tolaa fudhatee balchoome maraa, karaa nama tokkochaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin le'aa mowan. \p \v 18 Maarre, akkuma cubbuun nama tokkochaa nama maratti yakkaa mursiitte, hujiin balchumma'aa ta nama tokkochaa nama mara balchoonsitee jiruu hin kenniti. \v 19 Akkuma ajajama dhabiisa Addaamiitiin worri hedduun cubbaalleyyii te'e, ajajamiisa Kiristoosiitiin worri hedduun hin balchooma. \p \v 20 Seerri akka cubbuun bacattuuf dhufe; ammoo qixxee cubbuun bacatte caalaa badhaadhi Waaqaa bacate. \v 21 Maarre, akkuma cubbuun karaa du'aatiin moote, badhaadhi Waaqaalle karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, gara jiruu bara baraa nu geessiisaan balchumma'aan mowa. \c 6 \s1 Cubbuu Jalaa Du'anee Kiristoosiin Le'uu \p \v 1 Yoona maan jenna ree? Badhaadhi Waaqaa akka bacatuuf ittuma cubbuu hunyaa ree? \v 2 Waawwo'o! Nu worri cubbuu jalaa duune, attam cubbuma jala jiraanna ree? \v 3 Nu worri Yesuus Kiristoos woliin tokko te'iisaaf cuuphanne maraa, du'a isaalle qoodamiisaaf akka cuuphanne hin beettanuu ree? \v 4 Yennaa cuuphamaan isa woliin awwaalanne, worra du'a isaalle qoodamu teeneerra; tanaaf akkuma Kiristoos ulfinna Abba'aatiin du'aa ka'e, nuutille jiruu haareyaan hin jiraanna. \p \v 5 Du'a isaatiin yoo akkas isa woliin tokko teene, du'aa ka'iisa isaatille'een isa woliin tokko hin teena. \v 6 Le'iin teenna cubbaalettiin akka badduu fi garboolee cubbu'uu te'iis keenna akka hafuuf, nafi keenna dullachi Kiristoos woliin akka fannifame hin beenna. \v 7 Nami du'e hunna cubbu'uu jalaa bilisa bayeera. \v 8 Yoona yoo Kiristoos woliin duune, isa woliin jiru'uun akka leenu hin dhugeeffanna. \v 9 Kiristoos waan du'aa ka'eef, deebi'ee akka hin duunee fi duutille isa irratti baallii akka hin qanne hin beenna. \v 10 Inni yennaa du'e akka cubbuun isa irratti hunna hin qabaanneef, takkumaan yennaa maraaf du'e; ammalle yennaa jiru'uun le'u, Waaqaaf le'a. \v 11 Isinille akka cubbuu jalaa duutanee, karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqaaf leetanuutitti ifi laakkowa'a. \p \v 12 Maarre halchaa foon keessaniitiif akka ajajantanu akka isin hin goone, nafa keessan ka du'u keessatti cubbuun akka mootuuf hin eeyyamina'a. \v 13 Nafa keessan keessaa addee takkaalle meya jallu'uu gootanee cubbu'uuf hin dhikeessina'a; ammoo akka worra du'a keessaa bayee gara jiru'uu dhufee, Waaqaaf ifi dhikeessa'a; nafa keessan duudii meya balchumma'aa godha'aatii Waaqaaf dhikeessa'a. \v 14 Isin badhaadha Waaqaa jala jirtan malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuun isin irratti hin goottontu. \s1 Garboota Balchumma'aa \p \v 15 Yoona maan jenna ree? Nuuti badhaadha Waaqaa jala malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuu hunyuu ree? Ijjumaa waawwo'o! \v 16 Isin nama tokkoof ifi garba gootanee ajajamiisaaf yennaa dhiyeessitanu, nama ajajantanu saniif garba akka teetane hin beettanu ree? Akkasuma yoo cubbu'uuf ajajantane, cubbuu du'a fidduuf garba teetan; yoo Waaqaaf ajajantane ammoo balchummaa dhaggatan. \v 17 Isin dur garboota cubbu'uu ti; amma ammoo barumsa fudhattaneef gadhaa guutu'uun waan ajajantaneef, Waaqi galatoomu. \v 18 Cubbuu jalaa baatanee garboota balchumma'aa teetaneertan. \v 19 Isin dadamaan dadhaboolee waan teetaneef, ani dubbii namaa galtuun dubbatiisatti jira. Akkuma tanaan dura qooda nafa keessanii garba battumma'aatii fi jallu'uu gootanee dhikeessitane, amma akka qoodi nafa keessanii maraa woyyoomu garba balchumma'aa godha'aatii dhikeessa'a. \p \v 20 Isin yennaa garboota cubbu'uu teetane, balchummaa jalaa bilisa jirtaniiyyu. \v 21 Waan amma ittiin fokkifattanu kana irraa yennaa san bu'aa maan dhaggattane ree? Muummeen waan saniille du'a! \v 22 Amma ammoo cubbuu jalaa baatanee garboota Waaqaa waan teetaneef woyyummaa hin dhaggatan; muummeen woyyumma'aalle jiruu bara baraa ti. \v 23 Gatiin cubbu'uu du'a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti. \c 7 \s1 Seera Jalaa Bilisa Te'uu \p \v 1 Obboleeyyan tiyya! Ani worra seera beekuuf dubbadha. Seerri haga nami jiru'uun jiru qofa nama irratti baallii qaba. \v 2 Fakkeennaaf, dubartiin heerumte takka, haga dhirsi isi'ii jiru seeraan itti hidhanteerti; yoo inni du'e ammoo, seera ittiin hidhante san jalaa baateerti. \v 3 Tanaaf dhirsi isi'ii adoo jiruu, dhiira dhibii yoo heerumte, gaarayyeeffattuu jedhanti. Dhirsi isi'ii yoo du'e ammoo, isiin seera isatti hidhante jalaa hin baati; dhirsa dhibii yoo heerumtelle gaarayyeeffattu'uu moti. \v 4 Obboleeyyan tiyya! Haalli keessanille kanuma fakkaata; isin qooda nafa Kiristoosii waan teetaneef, Seera jalaa duutaneertan; tanaaf, akka nuuti tajaajila Waaqaatiif midhaan buunnuuf, isin ka Kiristoosii du'a keessaa ka'ee teetaneertan. \v 5 Yennaa nuuti akka yaada foonii leenu san, halchaan hantuun Seeraan nunnuffantu, akka nuuti du'aaf midhaan buunnu, qoqooda nafa keennaa keessatti hujiisatti jirtiiyyu. \v 6 Amma ammoo, Seera nu hidheeru jalaa duunee, hidhaansa isaa jalaa baaneerra. Tanaaf haganaa achi karaa haareya Ayyaanaatiin malee, karaa Seera dullacha barreeffameeruutiin hin tajaajillu. \s1 Seeraa Fi Cubbuu \p \v 7 Yoona maan jenna ree? Seerrinuu cubbu'u jennuu ree? Waawwo'o! Ammoo cubbuun maan akka teete akka ani beeku ka godhe Seera. Adoo Seerri, «Hin kajeelin» jedhuu dhabe kajeellaan maan akka teete, ani sila hin beekuuyyu. \v 8 Cubbuun karaa ajaja Seera irraa dhufeetiin, halchaan marti akka na keessatti nunnuffantu goote. Ammoo addee Seerri hin jirretti cubbuun waan du'e. \v 9 Yennaa dur Seerri hin jirre ani jiru'uun le'eera; ammoo yennaa ajaji Seeraa dhufe cubbuun jiruu dhaggattee, \v 10 ani du'e. Ajaji Seeraa ka jiru'uuf kennamelle du'a natti fide. \v 11 Cubbuun karaa ajaja Seeraatiin na soddee, na ijjeette. \p \v 12 Maarre, Seerri woyyu'u; ajaji isaalle woyyu'u, balcha'aa fi dansa'a. \v 13 Eegasuu waanuma dansa'attuu du'a natti fide jechu'uu ree? Waawwo'o! Cubbuun cubbuu teetee akka mudhattuuf, karaa waan dansa'aatiin, du'a natti fidde. Karaa ajajaatiinille, cubbuun irra caalaa cubbuu teete. \s1 Wodhaantoo Jiruu Namaa Keessa Jirtu \p \v 14 Seerri ayyaanticha akka te'e hin beenna. Ani ammoo nama foonii, ka garbicha cubbu'uu te'iisaaf gurgurameeru. \v 15 Ani waan godhu hin hubadhu; ani waan godhiisaaf barbaadu hin godhu, ammoo waan jibbu godha.\x - \xo 7:15 \xo*\xt Gal. 5:17\xt*\x* \v 16 Ani eega waan hin barbaanne godhu teete, Seerri dansaa akka te'e wolii gala. \v 17 Ka waan ani godhiisaaf hin barbaanne godhu, cubbuu na keessa jirtu malee anaa moti. \v 18 Ana keessa yookiin namummaa kiyya keessa wonni dansaan takkattiille akka hin jirre ani hin beeka. Waan dansaa godhiisaaf halchaan na keessa jiraattulle, ani waan dansaa godhiisaaf hin dandeenne. \v 19 Ani waan dansaa godhiisaaf barbaade hin godhu; ammoo hantuu godhiisaaf hin barbaanne godha. \v 20 Ani yoo waan godhiisaaf hin barbaanne godhu teete, ka kana godhu cubbuu na keessa jirtu malee, anaa moti. \p \v 21 Maarre ani Seerri hujii irra ooluun dhagga; ani yennaa waan dansaa godhiisaa barbaadu, seerri namumma'aa akka ani hantuu qofa godhu na tolcha. \v 22 Keessi kiyya Seera Waaqaatitti gammada. \v 23 Te'uu malee seera dhibii ka nafa kiyya keessatti, seera qalbiin tiyya fudhatu woliin wol lolu dhagga. Seerri dhibiin na keessatti hujiisatti jiru sun, seera cubbu'uu ti; inni garba ifii na godhateera. \v 24 Ani nama farraamessa attamiiti! Foon gara du'aa na geessaaru kana jalaa eentu na baasa? \v 25 Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galanni Waaqaaf te'u! \p Maarre, qalbii tiyyaan ani garbicha Seera Waaqaa ti; foon kiyyaan ammoo garbicha seera cubbu'uu ti. \c 8 \s1 Ayyaana Waaqaatiin Jiraachuu \p \v 1 Maarre worri Kiristoos Yesuusiin le'u, amma muraa yakka'aa jala hin jiru. \v 2 Seerri Ayyaana Woyyichaa, ka jiruu kennu karaa Kiristoos Yesuusiitiin, seera cubbu'uutii fi du'aa jalaa na baaseera. \v 3 Namummaan namaa dadhadduu waan teeteef, waan Seerri godhuu dadhabe, Waaqi godheera. Inni Ilma ifii ka namummaa teenna cubbaalettii fakkaatee, cubbuu haqiisaaf dhufe, ergiisaan cubbuu namummaa namaa keessa jirtutti yakkaa mure. \v 4 Nu worra akka fedha foonii adoo hin te'in, akka fedha Ayyaanaa leenu keessatti, wonni Seerri nu irraa gaafatu balchichi akka muummowuuf, Waaqi tana godhe. \v 5 Worri akka fedha foonii le'u waan foonii, worri akka fedha Ayyaanaa le'u ammoo waan ayyaanticha yaadatan. \v 6 Yaada fooniitiin mowamuun du'a fida; yaada Ayyaanaatiin mowamuun ammoo jiru'uu fi nageya kenna. \v 7 Nami yaada fooniitiin mowamu diina Waaqaa ti; sababille inni Seera Waaqaatiif hin ajajamu; ajajamiisaafille hin dande'u. \v 8 Worri yaada fooniitiif ajajamu Waaqa gammachiisuu hin dande'u. \p \v 9 Dhugumaan, Ayyaanni Waaqaa isin keessa waan jiruuf, isin akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha foonii hin leetanu. Nami Ayyaana Kiristoosii hin qannelle nama Kiristoosiitii moti. \v 10 Yoo Kiristoos isin keessa jiraate, sababa cubbu'uutiif nafi\f + \fr 8:10\fr*\fqa Nafi: \fqa*\ft Foon\ft*\f* keessan du'ulle, sababa balchumma'aatiif Ayyaanni jiruu isinii kenna. \v 11 Ayyaanni Waaqaa ka Yesuus du'a keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, ka Kiristoos du'a keessaa kaase, karaa Ayyaana ifiitiin nafa keessan ka du'uufille jiruu hin kenna.\x - \xo 8:11 \xo*\xt 1 Qor. 3:16\xt*\x* \v 12 Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Nuuti waan godhuu qannu qanna; wonni godhuu qannu sunille akka fedha foonii le'iisaa moti. \v 13 Yoo akka fedha foonii leetane, hin duutan; ammoo hunna Ayyaana Woyyichaatiin hujii fedha foonii yoo ijjeettane jiru'uun leetan. \v 14 Worri Ayyaana Waaqaatiin sooreffamu mara ijoollee Waaqaa ti. \v 15 Isin Ayyaana ilmoomaa ka, «Abba'a! Abbaa keenna!» jettanee waantanuun fudhattane malee, soda'aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne.\x - \xo 8:15 \xo*\xt Mar. 14:36; Gal. 4:6\xt*\x* \v 16 Ayyaanni Waaqaatuu ayyaana keenna woliin wolii galee, nuuti ijoollee Waaqaa akka teene dhugaa baya. \v 17 Maarre ijoollee Waaqaa eega teene, isa hin dhaalla; Kiristoos wolille'een hin dhaalla; amma rakkinna Kiristoosii eega qoodanne, ulfinna isaalle hin qoodanna. \s1 Ulfinna Dhufu \p \v 18 Rakkinni ammaa kun ulfinna gara duraa nu'uuf mudhatu woliin wol bira qabamee ilaalamuu akka hin dande'annetti ani laakkowa. \v 19 Dadi duudiin mudhachuu ijoollee Waaqaa dharraa gudda'aan eegiisatti jirti. \v 20 Dadi duudiin ta gatii hin qanne akka teetuuf itti murameera; kunille fedhii ifiitiin adoo hin te'in, fedhii Waaqa akka dadi duudiin addi'iin eeggattu godheetiin teete. \v 21 Addiin sunille ta dadi duudiin gaafa tokko garbummaa badi'ii jalaa baatee, ulfinna bilisummaa ijoollee Waaqaa qoodantu. \v 22 Dadi duudiinuu haga ammaa ciniinsifatiisaan aadiisatti akka jirtu hin beenna. \v 23 Dada qofa adoo hin te'in, nuutinuu worri Ayyaana kennaa mata'aa te'e qannu, Waaqi ilma isaa ka guddisaa te'iisa keenna akka mudhisuu fi du'a jalaa wodamiisa keenna eegataa, keessa keennatti aadiisatti jirra.\x - \xo 8:23 \xo*\xt 2 Qor. 5:2-4\xt*\x* \v 24 Nuuti yennaa fayyine waan addi'iin eegataa jirrutti jira; wonni addii godhannu waan fudhanneerru\f + \fr 8:24 \fr*\fqa Waan fudhanneerru: \fqa*\ft Waan ilatti mudhatu\ft*\f* yoo te'e, addii te'iisi isaa hin hafa. Waan fudhateeru ka addi'iin eegatu eennu ree? \v 25 Waan hin fudhatin yoo addii godhanne ammoo, ossaan hin eeganna. \p \v 26 Akkuma kana Ayyaanni dadhabbii teenna nu qarqaara; attam akka daadimannu nuuti waan hin beenneef, Ayyaanni ammoo aaduu dubbi'iin himantee hin dandeenneen nu'uuf daadimata. \v 27 Waaqi gadhaa namaa qorqorulle, yaadi Ayyaanaa maan akka te'e hin beeka; sababille Ayyaanni akka fedha Waaqaatitti kolbaa Waaqaatiif daadimata. \p \v 28 Worra Waaqa jaalatu ka akka fedha isaa waamameef, Waaqi waan maraa dansa'aaf akka isaanii godhu hin beenna. \v 29 Worri inni dursee filate akka Ilma isaa fakkaatuu fi Ilmi isaalle obboleeyyan hedduu oddu'utti angafa akka te'uuf, waan Waaqi dursee murteesseeruuf tun teete. \v 30 Worra dursee murteesse waameera; worra waamelle balchoonseera; worra balchoonselle ulfeesseera. \s1 Jaalala Waaqaa \p \v 31 Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande'a? \v 32 Waaqi Ilma ifii adoo hin marariffatin, nu maraaf dabarsee kenne, waan mara Ilma ifii woliin toluma nuuf hin kennuu ree? \v 33 Worra Waaqi fooyate eentu himata? Ka isaan balchoonsu Waaqa. \v 34 Eentu itti mura ree? Kiristoos Yesuusiin du'ee, du'a keessaa ka'ee midda Waaqaa jiru, nu'uuf daadimatiisatti jira. \v 35 Eentu jaalala Kiristoosii irraa gargar nu baasa ree? Rakko'oo moo farra? Miidha'a\f + \fr 8:35\fr*\fqa Miidha'aa: \fqa*\ft Ari'ama\ft*\f* moo beela? Daara moo bala'a? Yookiin du'aa ree? \v 36 Tun tama Barreeffam Woyyichi, \q1 «Si'iif jennee guyyuma guyya'aan ijjeefanna; \q2 akka hoolee qalantuutitti laakkowanneerra» jedhu. \m \v 37 Garuu womaa moti; waan kana mara keessatti karaa ka nu jaalateetiin injifattoota caalleerra. \v 38 Du'alle te'ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te'ee bulchitooti ol-gubba'aa, wonna amma jirulle te'ee wonni dhufu'uuf jiru, hunnootalle yoo te'e, \v 39 wonna gubbaa jirulle te'ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te'e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande'ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera. \c 9 \s1 Waaqaa Fi Kolbaa Isaa \p \v 1 Ani ka Kiristoosii waan te'eef dhuguma dubbadha; ani hin sobu. Wodanaan kiyya ka Ayyaana Woyyichaan sooreffamulle, akka ani hin sonne dhugaa naaf baya. \v 2 Ani gadda gudda'aa fi laalaa hin lakkinne gadhaa kiyya keessaa qaba. \v 3 Gosa tiyya ta hiddaa hidaada kiyya teeteef jedhee, Kiristoos irraa gargar bayee adoo abaarame hin jaaladha. \v 4 Gosi tiyya sun gosa Israa'elii ti; Waaqi ijoollee ifii isii godhatee, ulfinna ifiille isi'ii mudhise; gondooroo isii woliin gondoorate, Seeralle isi'ii kenne; isiin waaqonfannaa dhuga'aa qaddi; waadaa hedduulle Waaqi isi'iif gale; \v 5 isiin sanyii abbootii teenna gugurdo'oo ti; Kiristoosille\f + \fr 9:5\fr*\fqa Kiristoosille: \fqa*\ft Masiihiille\ft*\f*, akka namumma'aatitti gosa isi'ii keessaa dhalate; Waaqi\f + \fr 9:5\fr*\fqa Waaqi: \fqa*\ft Kiristoosiin\ft*\f* waan mara bulchu, haga bara baraa leellifamu! Ameen. \p \v 6 Te'uu malee jechi Waaqaa diigameera jechu'uu moti; kolbaan Israa'elii mara dhugumaan kolbaa Israa'eliitii moti. \v 7 Akkasuma sanyiin Abrahaamii marti dhugumaan ijoollee isaatii moti; ammoo, Waaqi Abrahaamiin, «Sanyiin teeti sanyii Yisihaqiitiin waammanti» jedheera. \v 8 Kana jechuun ijoolleen akkuma aadaa nami uumatuutiin dhalatte ijoollee Waaqaati jechu'uu moti; ammoo ta akka sanyi'iititti laakkowantu, ijoollee akka waadaa Waaqi galeetitti dhalatte. \v 9 Waadaan sunille jecha, «Bara dhufu yennaa akkasii yennaa ani deebi'ee dhufu, Saaraan ilma deetteerti» jedhu. \p \v 10 Kana qofaa moti, Ribqaan ilmaan lakkuu abbuma tokkochaaf, abbaa sanyii teennaa Yisihaqiif yennaa ulfootte, \v 11 filannoon Waaqaa huji'iin adoo hin te'in, waamichaan akka te'e mudhisiisaaf, ijoolleen lamaanuu adoo hin dhalatin, isaan keessalle'ee tokkolle dansaa yookiin hantuu adoo hin hujin dura, \v 12 Waaqi Ribqa'aan, «Angafichi maandhicha tajaajila» jedhe. \v 13 Tun tama Barreeffam Woyyichi, \q1 «Ani Yaaqoob jaaladhe, \q2 Esaawu ammoo jibbe» jedhu. \p \v 14 Yoona maan jenna ree? Waaqi sirri'ii moti jedhuu dandeennaa? Ijjumaa hin dandeennu! \v 15 Waaqi Muuse'een, «Ani kama mararuu barbaadeef marara; kama nawuu barbaadeefille naya» jedhe. \v 16 Tanaaf, wonni marti marartii Waaqaa qofa irratti hundootti malee, waan nami fedhu yookiin godhu irrattii moti. \v 17 Barreeffam Woyyichi, marroo mooticha Fara'oonii yennaa dubbatu, «Maqaan kiyya biyya lafaa mara keessatti akka lallabamuu fi hunni tiyya si'iin akka mudhattuuf ani mootii si godhe» jedha. \v 18 Maarre Waaqi nama fedhe marara, nama fedhelle mataa jabeessa. \s1 Mararti'ii Fi Mufii Waaqaa \p \v 19 Isin keessaa nami tokko, «Yoo akkana teete, Waaqi attam dande'ee balleessaa nama irratti dhagga? Fedhii Waaqaa eentu mormuu dande'a?» anaan hin jedha fa'a. \v 20 Namana! Waaqa woliin moromiisaaf ati eennu? Okkoteen faaraa nama isii dhoween, «Maaf akkana na dhootte?» jedhuu dandeetti? \v 21 Nami faara dhowu tokko, loobaa faaraa tokkochuma irraa, meya tokkocha ulfinnaaf, kaan woma te'eef akka te'u godhee dhowiisaaf baallii hin qabuu? \v 22 Wonni Waaqi godhelle tanaan wol fakkaatti. Inni hunna ifii beessisiisaa fi mufii ifii mudhisiisaaf barbaade. Ammoo worra mufii isaa jala jiru, ka badi'iif qophowe san ciniinnatee ossate. \v 23 Worra ulfinna ifiitiif dursee qopheesse, ka akka marartiin isaa irratti mudhattu itti dhangalaaseefille, ulfinna ifii guddaa mudhisuu barbaade. \v 24 Worri inni waame nu fa'aayyu; inni worra Yihudootaa qofa keessaa adoo hin te'in, worra Yihudoota hin te'inille keessaa waameera. \v 25 Inni kitaaba Hose'aa keessatti, \q1 «Worra kolbaa tiyya hin te'in, \q2 ‹Kolbaa tiyya› jedhee hin waama; \q2 kolbaa hin jaalatannelle, \q2 ‹Jaalatantuu tiyya› jedhee hin waama. \q1 \v 26 Adduma, ‹Isin kolbaa tiyyaa moti› jedhamanetti, \q2 ‹Ijoollee Waaqa jiraata'aa› jedhamanee \q2 hin waamaman» jedha. \p \v 27 Isaayaasille marroo Israa'elii qoonqoo ol qabatee, «Laakkossi kolbaa Israa'elii akka maansa abbaayaa qarqaraa yoo heddatelle, worruma diqqaa qofatti fayya; \v 28 Goottaan adoo hin turin ariifatee kolbaa biyya lafaa maratti hin mura» jedheera. \v 29 Akkasuma Isaayaas duraan dursee, «Goottaan Waan Mara Dade adoo sanyii garii nu'uuf hamburuu dhabe, sila akkuma qachooti Sodoomiitii fi Gomora'aa badane banneerra» jedheera. \s1 Israa'elii Fi Oduu Gammadaa \p \v 30 Yoona maan jennuu ree? Worri Yihudoota hin te'in, ka balchummaa hin hordofin, balchummaa dhaggate; balchummaan tun ammoo ta dhugeeffanna'aan dhaggantu. \v 31 Israa'eliin Seera balchummaa fidu hordofaa turte ammoo, seera muummessiisa waan hin dande'iniif balchummaa bira hin geenne. \v 32 Maaf bira hin geyin? Sababille isaan dhugeeffanna'aan adoo hin te'in, huji'iin balchummaa dhaggatiisaaf barbaadane. Isaan dhakaa gufachiisuun gufatane. \v 33 Tun tama Barreeffam Woyyichi, \q1 «Kunoo, ani dhakaa kolbaa gufachiisu, \q2 rassaa isaan jissu Xiyoon keessa hin keya, \q2 ka itti dhugeeffatu ammoo hin qaanowu» jedhu. \c 10 \p \v 1 Obboleeyyan tiyya! Halchaan guddoon gadhaa kiyya keessa jirtuu fi daadimannaan ani gara Waaqaa daadimadhu akka kolbaan Israa'elii fayyitu. \v 2 Isaan Waaqaaf akka ifi kennaneeranu ani dhugaa isaaniif baya; ammoo Waaqaaf ifi kenniis isaanii sun beekkumsa dhuga'aa irratti ka hundayeeruu moti. \v 3 Isaan karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonfatu wollaalanee, karaa ifiif baafatiisaaf wodhaanane; karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonsutti harka hin kennanne. \v 4 Nami Kiristoositti dhugeeffatu mara akka balchoomuuf, Seerri Kiristoosiin muummoweera. \s1 Fayyinni Nama Maraaf \p \v 5 Muuseen marroo balchummaa Seeraaf ajajamiisaan dhaggantuu, «Nami Seera muummessu mara jiru'uun le'a» jedhee barreesseera. \v 6 Balchummaan dhugeeffanna'aan dhaggantu ammoo, «Gadhaa keeti keessatti, ‹Eentu ol-gubbaa baya?› hin jedhin; sun, Kiristoos gad fidiisa. \v 7 Yookiin, gadhaa keeti keessatti, ‹Eentu qile'etti gad bu'a?› hin jedhin; sunille, Kiristoos du'a keessaa ol fidiisa» jetti. \v 8 Ammoo maan jetti ree? \q1 «Jechi Waaqaa si bira, \q2 hidhii teeti irraa fi gadhaa keeti keessa jira» jetti. \m Sunille, jecha dhugeeffanna'aa ka nuuti lallannu. \v 9 Yesuus Goottaa akka te'e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du'a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita. \v 10 Nami gadhaa keessatti dhugeeffatee balchooma; afaaniin dhugaa bayee fayya. \v 11 Barreeffam Woyyichi, «Nami isatti dhugeeffatu hin qaanowu» jedha. \v 12 Worra Yihudootaatii fi Yihudoota hin te'in odduu garaagarummaan hin jirtu; Waaqi Goottaa nama maraa ti; worra isa waammatu maraaf eebba guddaa kenna. \v 13 Sababille Barreeffam Woyyichi, «Nami maqaa Gootta'aa waammatu mara hin fayya» jedha. \p \v 14 Ammoo yoo itti hin dhugeeffatin attam waammatuu dande'a? Marroo isaa adoo hin dhage'in attam itti dhugeeffatan ree? Adoo nami itti hin lallabin attamiin dhage'uu dande'an ree? \v 15 Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande'a ree? Barreeffam Woyyichi, «Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!» jedha. \v 16 Ammoo worra garii malee marti isaanii Oduu Gammadaa hin fudhanne. Isaayaasinuu, «Gootta'a, eentu waan nuuti jenne dhugeeffate?» jedha. \v 17 Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage'iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti. \p \v 18 Ani ammoo, isaan dhugumaan hin dhageennee? Jedhee gaafadha. Dhugumaan isaan dhage'aneeran; sababille Barreeffam Woyyichi, \q1 «Qoonqoon isaanii lafa maratti dhage'ante; \q2 dubbiin isaaniille haga qaccee biyya lafaa dhaqqadde» jedha. \m \v 19 Ani ammalle, kolbaan Israa'elii hin hubannee? Jedhee gaafadha. Duraan dursee Muuseen, \q1 «Kolbaa tuffatante hinaassisee, isin gaabbisiisa; \q2 kolbaa gowwitti'illeen isin aarsa» jedheera. \m \v 20 Isaayaasille, \q1 «Ani worra ana hin barbaadiniif dhaggameera; \q2 worra ‹Waaqi eessa jira› jedhee ana hin gaafatiniifille \q2 mudhadheera» jedhee sodaa malee dubbateera. \m \v 21 Marroo Israa'elii ammoo, «Kolbaa finqiltu'uu fi ta hin ajajanneef, ani harka kiyya guyyaa guutuu badhiseera» jedha. \c 11 \s1 Marartii Waaqi Israa'eliif Qabu \p \v 1 Ani hin gaafadha: Waaqi kolbaa ifii gateeraa ree? Ijjumaa hin ganne! Aninuu nama Israa'elii ti; sanyii Abrahaamii keessaa gosa Beniyaamii ti. \v 2 Waaqi kolbaa dursee fooyate hin ganne. Marroo Eliyaasii, ka Israa'eliin mormee Waaqa itti daadimatee, waan Barreeffam Woyyichi jedhu, isin hin beettanuu? \v 3 Inni, «Gootta'a! Isaan raagota teeti ijjeesaneeran, addee ciinca'aa keeti diiganeeran; na qofatti hafe; lubbuu tiyyalle barbaadiisatti jiran» jedha. \v 4 Deebiin Waaqi isaaf kenne ta maan jettu? «Ani namoota waaqa dharaa ka Ba'aali jedhamuuf hin jilbiiffanne kuma torba ifiif hamburadheera» ta jettu. \v 5 Bara ammaa kanalle akkasuma baraareen Waaqi badhaadha ifiitiin fooyate hin jirti. \v 6 Fooyati isaa waan isaan hujaneeranu irratti adoo hin te'in, badhaadha isaa irratti hundaya. Yoo fooyati Waaqaa waan kolbaan hujju irratti hundaye, badhaadhi isaa badhaadha dhuga'aa te'uu hin dande'u. \p \v 7 Maan te'inna ree? Kolbaan Israa'elii waan barbaaddu hin dhagganne. Worri dhaggatane worra diqqaa Waaqi fooyate qofaayyu; worri kuun waamicha Waaqaatiif gurra duudane. \v 8 Tunille tama Barreeffam Woyyichi, \q1 «Waaqi qalbi'ii fi gadhaa isaanii dilleesse; \q2 haga adhaalle ilaan hin dhagganu; \q2 gurralle'een hin dhage'anu» jedhu. \q1 \v 9 Daawitille, \q2 «Qoriin isaanii tiyyoo qadduu fi \q2 gufuu itti teetee isaan farrisiittu. \q1 \v 10 Akka hin dhaggine \q2 ilti isaanii dukkanoottu; \q2 goorri\f + \fr 11:10\fr*\fqa Goorri: \fqa*\ft Duddi\ft*\f* isaaniille yennaa mara rakko'oon gad gogu» jedhu. \p \v 11 Ammalle ani hin gaafadha: Yihudooti yennaa gufatane, akka jiganee hafanuuf ree? Ijjumaa waawwo'o; sababa Yihudooti Seera cassaneef worri Yihudoota hin te'in fayyinna dhaggate; worra Yihudoota hin te'in irratti akka Yihudooti hinaafanuuf tun teete. \v 12 Seera cassiisi Yihudootaa biyya lafaatiif eebba guddaa yoo te'e, jinnanni isaaniille worra Yihudoota hin te'iniif durummaa yoo te'e, adoo Yihudooti fayyanee fa'a eebba caalu attamiititti te'a ree! \s1 Fayyinna Worra Yihudoota Hin Te'inii \p \v 13 Ani amma isin worra Yihudoota hin te'initti dubbadha: ani ergamaa worra Yihudoota hin te'inii akkuma te'etti, hujii tiyyatti hin boona. \v 14 Gosa tiyya hinaassisee, isii keessaa gariin akka fayyitu godhiisaaf tana godha. \v 15 Yennaa Waaqi isaan gate, eega kolbaan biyya lafaa ta dhibiin Waaqa woliin araarante, yennaa Waaqi isaan fudhatu maanti te'inna laati? Tun qixxee du'aa ka'iisaa ti! \p \v 16 Bukoo takkaa irraa diqqoon isi'ii mataa godhantee, Waaqaaf kennante yoo woyyoonte, bukoon duudiinuu woyyuu teeti; akkasuma hiddi muka tokkoolle Waaqaaf kennamee yoo woyyoome, dameeleelle woyyuu hin teeti. \v 17 Dameeleen ejersa ficha'atti dhaabamee yoo caccadde, dameelee ejersa badda'aa itti qabachiisan. Isin worri Yihudoota hin te'in akka ejersa bada'aa san, eebba isaanii worra qoodamu yoo teetane, \v 18 Yihudoota akka dameele'ee caccabane san irratti hin koorina'a. Yoo koortane ammoo isin dameelee qofa waan teetaneef, hiddi isin ba'ata malee, isin hidda ba'atuu akka hin dandeenne qaabadha'a. \p \v 19 Ati ammoo, «Akka ani addee isi'ii bu'ee itti qabadhuuf\f + \fr 11:19\fr*\fqa Itti qabadhuuf: \fqa*\ft Fayyuuf\ft*\f* dameeleen sun caccadde» hin jetta fa'a. \v 20 Sun dhuga'a. Isaan waan dhugeeffatiisa dhabaneef caccabane, ati ammoo waan dhugeeffatteef jabaattee dhaabbatte. Maarre sodaadha'a malee, hin koorina'a. \v 21 Waaqi Yihudoota dameelee dadante te'ane yoo adde'etti hin lakkisin, adde'etti si lakkisa jettee yaadattaa? \v 22 Asitti Waaqi attam akka gadhaa laafuu fi attam akka gadhaa jabaatu dhaggina. Inni worra jiganetti gadhaa jabaata, ati gadhi laafummaa isaatiin ka jabaattee jiraattu yoo teete si'iif ammoo gadhaa laafa. Ammoo ati yoo gadhi laafummaa isaatiin jabaattee hin jiraatin, atille irraa hin caccadda. \v 23 Yihudootille yoo dhugeeffatiisa dhaba isaanii lakkisane, isaan addee dur jiranutti hin deebi'an; sababille Waaqi san godhiisaaf dande'a. \v 24 Isin worri Yihudoota hin te'in, ka dameelee ejersa badda'aa ta caccadde teetane, ejersaa ficha'atti dhabametti qassiifamuu yoo dandeettane, Yihudooti dadamaan dameelee ejersa ficha'a te'ane, addee ifii duriititti deebi'ane attam qassiifamuu dadhaban ree! \s1 Marartiin Waaqaa Nama Maraaf \p \v 25 Obboleeyyan tiyya! Dhugaan dhossa'aa ta akka isin beettanuuf ani barbaadu takkatti jira; isiin, nuuti qaroole'e jettanee yaadiisa irraa isin eeddi. Mataa jabeenni kolbaa Israa'elii akkanumatti hin turu; ammoo worri Yihudoota hin te'in mara gara Waaqaa haga dhufanu qofa tura. \v 26 Maarre kolbaan Israa'elii marti hin fayyiti. Barreeffam Woyyichi, \q1 «Fayyisaan Xiyoon irraa hin dhufa, \q2 hammeenna sanyii Yaaqoobii irraa hin balleessa. \q1 \v 27 Ani yennaa cubbuu isaanii isaan irraa fuudhu, \q2 gondooroo tana isaan woliin gondooradha» jedha. \p \v 28 Yihudooti Oduu Gammadaa waan hin fudhatiniif, bu'aa teessaniif jedhanee diinota Waaqaa te'aneeran. Karaa filanno'ootiin ammoo, sababa abbootii isaaniitiif jaalota Waaqaa ti. \v 29 Kennansaa fi waamichi Waaqaa hin jijjiiramu. \v 30 Isin worri Yihudoota hin te'in kanaan dura worra Waaqaaf hin ajajanne; amma ammoo worri Yihudootaa waan ajajamuu didaneef isin marartii Waaqaa dhaggattane. \v 31 Akkuma isin marartii dhaggattane, isaaniille marartii dhaggatiisaaf, amma ka Waaqaaf hin ajajanne te'aneeran. \v 32 Waaqi nama maraaf marartii mudhisiisaaf jedhee, ajajamuu diduu jalatti kolbaan mara ta hidhante akka teetu godhe. \s1 Galata Waaqaa Gale \p \v 33 Durummaan Waaqaa attam attam guddo'o! Beekkumaa fi qarummaan isaa attam attam gad fagaatti! Muraa isaa qorqoriisa eentu dande'a? Karaa isaa eentu hubatiisa dande'a? \q1 \v 34 Barreeffam Woyyichi, \q2 «Yaada Gootta'aa eentu beeka? \q2 Yookiin eentu gorsa isaaf kennu'uu dande'a ree? \q1 \v 35 Yookiin akka inni deebisee isaaf kennuuf, \q2 eentu kennansa Waaqaaf kenneera ree?» jedha. \q \v 36 Sababille wonni maraa isaan dadamee, \q2 karaa isaatii fi isaaf jiraata. \q2 Ulfinni haga bara baraa isaaf te'u! Ameen!\x - \xo 11:36 \xo*\xt 1 Qor. 8:6\xt*\x* \c 12 \s1 Le'ii Waaqa Tajaajiliisaaf Malte \p \v 1 Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachiisu, jiraata'aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqonfannaan dhugittiin\f + \fr 12:1\fr*\fqa Dhugittiin: \fqa*\ft Ayyaantittiin\ft*\f* isii tana. \v 2 Fedhiin Waaqaa dansitti'ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina'a. \p \v 3 Akkasuma isin martinuu qixxee Waaqi dhugeeffannaa isinii kenneetitti ifi gad qabiisaan yaadadha'a malee, haga isinii malteen irra ifi jajiisaan marroo teessaniif hin yaadatina'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinii hima. \v 4 Nuuti nafa keenna tokkocha irratti mitikaa hedduu qanna; mitikaan kun martinuu hujii adda addaa qaba. \v 5 Maarre nuutille, adoo hedduu teenee jirruu, Kiristoosiin nafa tokkocha; mitikoota nafa tokkochaa akkuma teenetti wol qabanneerra.\x - \xo 12:5 \xo*\xt 1 Qor. 12:12\xt*\x* \v 6 Akka Badhaadha Waaqi nuuf kenneetitti nuuti kennansa gara garaa qanna. Kennansi keenna raaga raaguu yoo te'e, qixxee dhugeeffannaa qannuutitti raannuu ti; \v 7 kennansi keenna worra dhibii tajaajiluu yoo te'e, jabaannee tajaajilluu ti; kennansi keenna barsiisiisa yoo te'e, akka maltetti barsiinnuu ti; \v 8 kennansi keenna gorsiisa yoo te'e, gorsinuu ti; kennansi keenna arjoomuu yoo te'e, gadha'aan arjoonnuu ti; kennansi keenna bulchiisa yoo te'e, jabaannee bulchinuu ti; kennansi keenna mararuu yoo te'e, gammadaan mararruu ti;\x - \xo 12:8 \xo*\xt 1 Qor. 12:4-11\xt*\x* \p \v 9 Jaalalli keessan dhugaamessa te'uu ti. Waan hantuu jibba'a; waan dansaa jabeessa'aa qabadha'a; \v 10 Akka obboleeyyanii o'isa'aatii wol jaaladha'a; ulfinna woliif kenniisaaf wol doggoma'a. \v 11 Jabaadha'aa huja'a malee, gadhee hin te'ina'a. Ayyaana finiineen Goottaa tajaajila'a. \v 12 Addii qaddanuun gammada'a; rakkinna ossadha'a; yennaa mara daadimadha'a. \v 13 Kolbaan Waaqaa wo dhaddee yennaa rakkatu waan qaddanu isaan woliin qoodama'a; keessummoota fudhadha'a. \p \v 14 Worra isin miidhu eebbisa'a; eebbisa'a malee hin abaarina'a.\x - \xo 12:14 \xo*\xt Mat. 5:44; Luq. 6:28\xt*\x* \v 15 Worra gammadu woliin gammada'a; worra bowu woliin bowa'a. \v 16 Yaada tokkoon wolii gala'aatii le'a; ifi ol qabiisa lakkisa'aatii worra gadee woliin le'a; nuuti beekkole'e jedhaa ifi hin saadina'a. \v 17 Fuula nama maraa duratti waan dansaa godha'a malee, yennaa namooti hantuu isin irratti hujanu, isinille deebittanee hantuu itti hin hujina'a. \v 18 Yoo dande'ame nama maraa woliin nageyaan le'iisaaf, gama keessaniin waan dande'amu mara godha'a. \v 19 Jaalota tiyya! Mufiin Waaqaa haluu baatuutii malee, isin ijjumaa haluu hin bayina'a. Barreeffam Woyyichi, «Ka haluu bawuu fi ka gatii halu'uu kaffalu ana jedha Goottaan Waaqi» jedha. \v 20 Addee haluu baatu, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Diinni keeti yoo beelote, nyaachis, yoo dheebote obaas; Yoo akkas goote qaani'iin akka gubatu goota» jedhu tolchi. \v 21 Hantuu dansa'aan injifadhu malee, hantuun si hin injifatin. \c 13 \s1 Worra Baallii Qabuuf Ajajamiisa \p \v 1 Nami marti worra baallii qabuuf ajajamuu qaba! Sababille baalliin fedha Waaqaatiin malee, hin kennantu; worri amma baallii qabulle Waaqaan muudame. \v 2 Tanaaf nami worra baallii qabu mormu, waan Waaqi ajaje morma; nami mormulle muraa ifi irratti fida. \v 3 Worra waan hantuu huju malee, worri waan dansaa huju bulchitoota hin sodaatanu. Ati worra baallii qabu akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan dansaa huji; galatalle isaan irraa hin dhaggatta. \v 4 Worri baallii qabu tajaajiltoota Waaqaa ka waan dansaa si'iif godhanu. Ammoo yoo waan hantuu hujje, isaan sodaadhu; sababille isaan worra toluma shallaagaa hidhateeruu moti. Isaan tajaajiltoota Waaqaa, ka mufii Waaqaa mudhisiisaaf, worra hantuu huju adabanu. \v 5 Tanaaf nami adabbii Waaqaa qofaaf adoo hin te'in, sababa wodana'aatiif jedhee worra baallii qabuuf ajajamuu qaba. \v 6 Isin tanaaf gibiralle gabbartan; worri baallii qabulle yennaa waan kana hujii irra oolchu Waaqaaf hujiisatti jira. \v 7 Waan isaan isin irraa dhaggachu'uuf malane, kenna'aaf; ka gibirri maleef gibira, ka qaraxi maleef qaraxa, ka sodaan malteef sodaa, ka ulfinni maleef ulfinna kenna'a.\x - \xo 13:7\xo*\xt Mat. 22:21; Mar. 12:17; Luq. 20:25\xt*\x* \s1 Wol Jaalatuu \p \v 8 Beenyaa eennuulle hin qabaatina'a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te'uu ti; nami nama jaalatu Seera muummesseera. \v 9 Ajajooti, «Hin gaarayyeeffatin; hin ijjeesin; hin hatin; hin kajeelin» jedhanuu fi ka dhibiin martinuu, ajaja, «Akka ifi jaalattu nama jaaladhu» jedhuun wolitti qabameera. \v 10 Nami nama jaalatu, waan hantuu isa irratti ijjumaa hin godhu; tanaaf, nama jaalachuun Seera guutu'u. \p \v 11 Yennaan isin hirriibaa dammaxxanu akka geetteertu waan beettanuuf, tana godhuu qaddan. Sababille yennaa itti dhugeeffanne caalaa guyyaan itti fayyinu amma gara keenna dhikaateera. \v 12 Halkan dabariisa geyeera; guyyaalle dhikaateera. Tanaaf kowa'a hujii dukkanaa lakkinnee, meya woraanaa ka ifaa uffanna. \v 13 Akka kolbaa ifa guyya'aa keessa leetuutitti, amala keenna miidhaffannuu ti malee, quufanee ficiqqisu'uun yookiin machi'iin, sagaagalaan yookiin fariisa'aan, lolaan yookiin hinaaffa'aan hin te'in. \v 14 Goottaa Yesuus Kiristoos akka woya'aa uffadha'a malee, halchaa foonii guutatiisaaf hin yaadatina'a. \c 14 \s1 Namatti Hin Murin \p \v 1 Nama dhugeeffanna'aan dadhabeeru ifitti qabadha'a malee, yaada isaa irratti isa woliin hin mormina'a. \v 2 Nami gariin dhugeeffannaa waan mara nyaachittu qaba; nami dhugeeffanna'aan dadhaba'aa ammoo waan ficha'atti dhaabamu\f + \fr 14:2\fr*\fqa Waan ficha'atti dhaabamu: \fqa*\ft Kuduraa\ft*\f* qofa nyaata. \v 3 Nami waan mara nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka waan ficha'atti dhaabamu qofa nyaatu ka waan mara nyaatu irratti hin murin; sababille Waaqi isalle ifitti qabateera. \v 4 Ati ka tajaajilaa nama dhibi'ii irratti murtu eennu? Inni yoo dhaabbate, yookiin yoo jige ka murteessu Goottaa isaa ti. Waan Goottaan isa dhaabbachiisuu dande'uuf, inni hin dhaabbata. \p \v 5 Nami tokko guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaada; kuun guyyooti martinuu wol qixxe'e jedhee yaada. Waan akkasii irratti namuu waan qalbiin isaa fudhatte godhuu ti. \v 6 Nami guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaadu ulfinna Gootta'aatiif jedhee tana godha. Nami waan mara nyaatulle, sababa sagale'eetiif waan Waaqa galateeffatuuf, ulfinna Gootta'aatiif nyaata. Ka waan tokko tokko nyaatiisa didu, ulfinna Waaqaatiif dida. Innille Waaqa galateeffata.\x - \xo 14:6 \xo*\xt Qol. 2:16\xt*\x* \v 7 Nuuti ifiif hin jiraannu; ifiifille hin duunu. \v 8 Yoo jiraanne, Gootta'aaf jiraanna; yoo duunelle, Gootta'aaf duuna; tanaaf, duunulle yookiin jiraannulle, nuuti ka Gootta'aa ti. \v 9 Tanaaf Kiristoos Goottaa worra du'eetii fi worra jiruu te'iisaaf, du'ee deebi'ee ka'e. \v 10 Ati maaf obboleessa keetitti murta ree? Maaf obboleessa keeti tuffatta ree? Nuuti martinuu barcumaa muraa Waaqaa dura hin dhaabbanna.\x - \xo 14:10 \xo*\xt 2 Qor. 5:10\xt*\x* \v 11 Sababille Barreeffam Woyyichi, \q1 «‹Dhugumaan Ani Waaqa jiraata'a! Nami marti na duratti hin jilbiiffata; \q2 arrabi martinuu akka ani Waaqa te'e dhugaa baasee hin dubbata› jedha Goottaan» jedha. \m \v 12 Maarre tokko tokkoon keenna waan gooneef Waaqaaf deebii hin kennina. \s1 Worra Dhibii Hin Gufachiisin \p \v 13 Maarre wol wolitti muriisa lakkinnuu ti. Addee san waan worra dhibii gufachiisu yookiin cubbu'utti jissu tokkolle ijjumaa akka hin hunye murteeffadha'a. \v 14 Ani karaa Goottaa Yesuusiitiin te'ee sagaleen takkaalle ifii isi'iitiin battii akka hin te'in beekeera; ati ammoo sagaleen gariin akka battitti'iititti yoo dhugeeffatte, isiin battii si'iif teeti. \v 15 Waan nyaattuun obboleessa keeti ka miitu yoo teete, ati nama jaalalaan le'uu moti. Sagaleen ati nyaattu nama Kiristoos du'eef sababa badi'ii akka teetu hin godhin. \v 16 Waan isin akka waan dansa'aatitti herreddanu maqaan badaan itti hin kennamin. \v 17 Mootummaan Waaqaa mootummaa balchumma'aa, nageyaatii fi gammada Ayyaanni Woyyichi kennuu ti malee, mootummaa nyaataatii fi uniisaatii moti. \v 18 Nami akka kanaan Kiristoos tajaajilu, Waaqa gammachiisa, namoota biralle'etti fudhatama dhaggata. \v 19 Maarre kowa'a waan nageya buusuu fi tokkummaa ijaaru hordofanna. \v 20 Sagale'eef jettee, hujii Waaqaa hin diigin. Sagaleen martinuu hin nyaatanti, ammoo waan ati nyaatuun worri dhibiin gufachuun dokonkora. \v 21 Foon nyaatuu yookiin daadhii woyni'ii unuu yookiin waan obboleessa keeti gufachiisu hujiisa dhabuun dansa'a. \v 22 Marroo waan kanaa dhugeeffannaa qaddu, ifii fi Waaqa oddu'utti eegadhu. Nami waan wonni kun sirri'i jedhee itti dhugeessu yennaa godhu wodanaan isaa isa hin komanne ka badhaadhe. \v 23 Ammoo yoo isaan marroo waan nyaatanuu mama qabaatane, hujiin isaanii dhugeeffanna'aan waan hin te'iniif, yennaa nyaatane Waaqi isaanitti mura. Wonni dhugeeffanna'aan hin te'in maraa cubbu'u. \c 15 \s1 Ifi Adoo Hin Te'in Worra Dhibii Gammachiis \p \v 1 Nuuti worri dhugeeffanna'aan jajjaba teene, ba'aa worra dadhaboole'ee ba'atuu qanna malee, ifi gammachiisuu hin qannu. \v 2 Tokko tokkoon keenna akka nami dhibiin dhugeeffannaa ifiitiin jabaatu\f + \fr 15:2\fr*\fqa Jabaatu: \fqa*\ft Yookiin ijaaramu\ft*\f*, dansaa isaatiif isa gammachiisuu qanna. \v 3 Kiristoos ifi hin gammachiinne; ammoo, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Arraba ittiin si arrassanetti na dhaqqabe» jedhutti isa irratti muummowe. \v 4 Ossaa fi jajjabeenna Barreeffam Woyyichi nuuf kennuun addii akka qabaannu, wonni Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffamane marti nu barsiisu'uuf barreeffante. \v 5-6 Waaqi, ossaa fi jajjabeenna namaaf kennu, yaada tokko qabaattanee, fakkeenna Yesuus Kiristoosii hordottanee, addee tokko qoonqoo takka'aan, Waaqa Abbaa Yesuus Kiristoosii akka leellifattanu isin dandeessisu. \s1 Oduun Gammadaa Worra Yihudoota Hin Te'iniif \p \v 7 Akkuma Kiristoos isin fudhate, isinille ulfinna Waaqaatiif wol fudhadha'a. \v 8 Waadaan Waaqi abbootii isaaniitii gale akka muummowuu fi Waaqi addatamaa akka te'e mudhisiisaaf, Kiristoos tajaajilaa Yihudootaa akka te'e, ani isinitti hima. \v 9 Akkasuma worri Yihudoota hin te'inille marartii isaatiif, Waaqa akka leellisuuf tajaajilaa isaanii te'e; kunille kama Barreeffam Woyyichi, \q1 «Tanaaf ani worra Yihudoota hin te'in oddu'utti \q2 si hin leellisa; \q2 maqaa keetiifille faaruu hin faarfadha» jedhu. \m \v 10 Ammalle Barreeffam Woyyichi, \q1 «Isin worri worra Yihudootaa hin te'in, \q2 kolbaa isaa woliin gammada'a» jedha. \m \v 11 Ammalle, \q1 «Worri Yihudoota hin te'in marti, \q2 Goottaa galateeffadha'a; \q2 kolbaan marti, isa galateeffadha'a!» jedha. \m \v 12 Akkasuma Isaayaasille, \q1 «Ka sanyii Iseyii keessaa dhalatu hin dhufa; \q2 inni worra Yihudoota hin te'in bulchiisaaf hin ka'a; \q2 isaanille isa hin addatan» jedha. \p \v 13 Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti. \s1 Sababa Phawuloos Sodaa Malee Barreesse \p \v 14 Obboleeyyan tiyya! Dansa'aan akka guutantaneertanu, beekkumsa maraayyuu akka qaddanuu fi wol barsiisuu akka dandeettanu, mama tokko malee aninuu hubadheera. \v 15 Badhaadhi Waaqaa waan naaf kenneef, marroo waan tokko tokkoo isin yaadachiisu'uuf sodaa malee isinii barreesseera. \v 16 Badhaadhi kunille, akka ani Oduu Gammadaa, ta Waaqaa, worra Yihudoota hin te'iniif lallabiisaan akka hayyichaa te'ee, Yesuus Kiristoos tajaajiluuf naa kenname. Tanaaf worri Yihudoota hin te'in ka Ayyaana Woyyichaan woyyoomee fi kennaa Waaqa gammachiisu te'ee akka dhikaatu tajaajila. \v 17 Karaa Kiristoos Yesuusiitiin Waaqa tajaajiliisa kiyyaan ani hin boona. \v 18 Worri Yihudoota hin te'in dubbi'ii fi hujii tiyyaan akka Waaqaaf ajajamanu, waan Kiristoos karaa kiyyaan godhe qofa malee waan tokkolle dubbatiisaaf ani ila hin jabaadhu. \v 19 Akkasuma hunna bilbaasotaatii fi baasotaatiin, hunna Ayyaana Waaqaatille'een, Yerusaalemii jalqabee haga Iliiriqumiititti, Oduu Gammadaa ta Kiristoosii guutuma guutu'utti lallabeera. \v 20 Halchaan tiyya ta yennaa maraa hundee nami dhibiin buuse irratti ijaaruu adoo hin te'in, addee Kiristoos hin dhage'amin maratti Oduu Gammadaa lallabiisa. \v 21 Ammoo, tun tama, \q1 «Worri marroo isaa isaanitti hin himamin hin dhaggan; \q2 worri hin dhage'in hin hubatan» jedhantee barreeffante. \s1 Phawuloos Roomaa Dhaqiisaaf Yaadate \p \v 22 Sababa kanaaf ani yennaa hedduu isin bira dhufiisa dhooggame. \v 23 Amma ammoo adaala kana keessaa hujii tiyya waan fixadheeruu fi dhufee isin ilaaliisaafille woggaa hedduu dharra'aa waan tureeruuf, \v 24 yennaa gara Isphaaniyaa dhaqu goree isin ilaaliisaaf karoorfadheera. Yennaa diqqoo isin dhaggiisaan gammadeen duuba, akka ani ittiin achi dhaquuf qarqaarsa akka naa gootanu hin addadha. \v 25 Ammaa tana ammoo, kolbaa Waaqaa ta achi jirtu tajaajiliisaaf\f + \fr 15:25\fr*\fqa Tajaajiliisaaf: \fqa*\ft Yookiin qarqaarsa beese'ee geessiisaaf\ft*\f* ani gara Yerusaalemii deemiisatti jira. \v 26 Wolde'i kiristaanaa ka Maqedooniya'aatii fi Akaayya'aa, hiyyeeyyii Yerusaalem keessatti kolbaa Waaqaa odduu jirtuuf, qarqaarsa kenniisaaf murteeffataneeran.\x - \xo 15:26 \xo*\xt 1 Qor. 16:1-4\xt*\x* \v 27 Murteen tama isaanii ti; ammoo dhuguma isaan, isaan qarqaaruu qaban; eega Yihudooti eebba Ayyaana Waaqaa irraa dhaggatane worra Yihudoota hin te'in woliin qoodamane, worri Yihudoota hin te'inille eebba jiruu fooniitiin dhaggataneen Yihudoota qarqaaruu qaban.\x - \xo 15:27 \xo*\xt 1 Qor. 9:11\xt*\x* \v 28 Maarre, ani yennaa hujii tana fixe, beesee isaaniif wolitti qabante maraayyuu isaanii kenneen duuba, Isphaaniyaa dhaqaara; yennaa achi dhaqu goree isin ilaala. \v 29 Yennaa gara keessan dhufu, eebbaa Kiristoosii guutumaa guutu'utti fidee akka dhufu ani hin beeka. \p \v 30 Obboleeyyan tiyya! Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiin, jaalala Ayyaanni Woyyichi nuu kennelle'een, na woliin itti cittanee\f + \fr 15:30\fr*\fqa Itti cittanee: \fqa*\ft Murattanee\ft*\f* akka naaf daadimattanu isin magannifadha. \v 31 Akka ani miidhaa worra hin dhugeeffannee, ka Yihudaa keessaa irraa fayyuu fi tajaajilli kiyya Yerusaalem keessatti kolbaa Waaqaa ta achiitiif fudhatamaa akka te'u daadimadha'a. \v 32 Maarre anille fedhii Waaqaa yoo teete, gammadaan gara keessan dhufee, isin dhaggee isin woliin hin haareffama. \v 33 Waaqi, maddi nageya keennaa, isin mara woliin jiraatu. Ameen. \c 16 \s1 Nageya Ergame \p \v 1 Obboleettii teenna Feebeen, ta wolde'a kiristaanaa ka Kanchire'aa keessa tajaajiltu, nama dansaa akka teete akka beettanu barbaada. \v 2 Akkuma kolbaa Waaqaatiif maltetti, maqaa Gootta'aatiin isii fudhadha'a! Isiin kolbaa heddu'uu fi analle waan qarqaarteertuuf, qarqaarsa isiin isin irraa barbaaddu maraayyuu isi'iif kenna'a. \p \v 3 Worra hujii Kiristoos Yesuusii na woliin huje, Phirisqiila'aa fi Aqiila'atti nageya naaf hima'a.\x - \xo 16:3 \xo*\xt HuE. 18:2\xt*\x* \v 4 Isaan jireenna isaanii naaf kennaneeran. Ani isaan galateeffadha; na calla'aa motii wolde'i kiristaanaa ka worra Yihudoota hin te'inille martinuu isaan galateeffatan. \v 5 Wolde'a mana isaanii keessatti wolitti qabamulle'etti nageya naaf hima'a. \p Jaala kiyya jaalatamaa, biyya Asiya'aa keessaa dursee Kiristoositti dhugeeffate Ephanexositti nageya naaf hima'a. \v 6 Maariyaamii isiniif jabeennaan hujjetti, nageya naa hima'a. \v 7 Yihudoota na woliin hidhamanee turane Andironikosii fi Yuniyaasitti nageya naaf hima'a; isaan ergantoota oddu'utti worra beekkamee fi worra anaan dura kiristaana te'eeru. \p \v 8 Jaala kiyya jaalatamaa Gootta'aan jaaladhu, Aphiliiyaaxositti nageya naaf hima'a. \v 9 Jaala kiyya jaalatamaa Isxaakisii fi Urbaanosii karaa Kiristoosiitiin nu woliin hujutti nageya naaf hima'a. \v 10 Aphelesii Kiristoositti dhugeeffatiis isaa mirkaneeffametti nageya naaf hima'a. Worra maatii Arisxobulosii te'elle'etti nageya naaf hima'a. \v 11 Herodiyoonii akkuma kiyya Yihudii te'etti nageya naaf hima'a. Worra maatii Naarkisosii keessaa kiristaana te'etti nageya naaf hima'a. \p \v 12 Worra tajaajila hujii Gootta'aa huju, Tiriifeenee fi Tiriiphaase'etti nageya naaf hima'a. Hujii Gootta'aa guddoo ta hujje, jaalatantuu jaala tiyya Pharsiisille'etti nageya naaf hima'a. \v 13 Ruufoosii hujii Gootta'aatii filamee fi haadha isaa, ta yennaa mara akka ilmaatitti ana ilaaltetti nageya naaf hima'a.\x - \xo 16:13 \xo*\xt Mar. 15:21\xt*\x* \v 14 Asinkiriixositti, Filegoonitti, Hermeesitti, Phaaxrobaasitti, Hermaasii fi kiristaanota dhibii isaan woliin jiranu maratti nageya naaf hima'a. \v 15 Filogosii fi Yuliya'atti, Neryoosii fi obboleettii isaatitti, Olimphaasii fi kolbaa Waaqaa worra isaan woliin jiranu maratti nageya naaf hima'a. \p \v 16 Sunqaa obbolumma'aatiin nageya wol fuudha'a. Wolde'ooti Kiristoosii marti nageya isinii dhaaman. \s1 Gorsa Gara Dhumaarratti Kenname \p \v 17 Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba'aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqoodamiisaa te'u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha'a! \v 18 Worri waan akkasii godhu kun halchaa nyaata ifiitiif malee, Kiristoosii Goottaa keennaaf hin hujanu. Dubbii ifii damma dibiisaa fi sossobiisaan kolbaa gadhaa babadhattu gowwoonfatan. \v 19 Nami marti Wongeelaaf ajajamuu keessan dhage'eera; sababa kanaafille ani marroo teessaniif hin gammada. Marroo waan dansa'aatiif qaroo, marroo waan hantu'uutiif ammoo gowwoolee akka teetanu ani barbaada. \v 20 Maddi nageya keennaa, Waaqille, dafee Seexana miila keessan jalatti hin butucha. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. \p \v 21 Ana woliin ka huju, Ximootewoos akkasuma Yihudooti akka kiyyaa Luukiyoos, Yaasonii fi Soosiiphaaxroos nageya isiniif dhaaman.\x - \xo 16:21 \xo*\xt HuE. 16:1\xt*\x* \p \v 22 Ani Xirxiwoosiin Phawuloos himaaruun xalayaa kana barreesse, Gootta'aan te'ee nageya isiniif dhaama. \p \v 23 Keessummeessaan kiyya Gaayos, ka mana isaa keessatti wolde'i kiristaana wolitti qabamu, nageya isiniif dhaama. Qabataan beesee qacha'aa, Eraasxoos fi obboleessi keenna Ku'arxoos, nageya isiniif dhaaman.\x - \xo 16:23 \xo*\xt HuE. 19:29; 1 Qor. 1:14; 2 Xim. 4:20\xt*\x* \v 24 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu.\f + \fr 16:24\fr*\ft Laakkossi 24 woraabbii garii qofa irra jira\ft*\f* \s1 Leellisiisaan Muummeffatuu \p \v 25 Ulfinna Waaqaaf kenninuu ti! Akka Wongeela ani marroo Yesuus Kiristoosii lallabeetitti, akka mudhachuu dhossaa dhugittii bara duriitii jalqaddee hin mudhatin turtelle'etti, inni dhugeeffanna teessaniin akka isin jabaattanee dhaabbattanu godhuu dande'a. \v 26 Te'uu male, amma, karaa kitaaba raagoti barreessaneen dhossaan tun ifatti baateerti; martinuu dhugeeffatee akka ajajamu, ajaja Waaqa bara baraatiin kolbaa maratti akka beekkamu godhameera. \v 27 Karaa Yesuus Kiristoosiitiin, Waaqa qofuu qarichaaf, bara baraan ulfinni te'u.