\id REV - Guji Bible \ide UTF-8 \h Mudhii Yohaannisii \toc1 Mudhii Yohaannisitti Mudhatte \toc2 Mudhii Yohaannisii \toc3 Mudh. \mt1 Mudhii Yohaannisitti Mudhatte \imt Seensa \ip Wolde'ooti kiristaanaa Yesuus Kiristoos Goottaa ifii godhatanee waan itti dhugeeffataneef, yennaa miidha'aa fi rakkinni isaan geyiisatti jiru, mudhiin Yohaannisii barreeffante. Xiyyeeffannaan barreessa'aa guddoon, addiin worra dubbifatuu guutuu akka teetuuf, isaan jajjabeessiisaa fi miidha'aa fi rakkinna isaan geye keessatti dhugeeffanna'aan akka jabaatanu uttisiisa\f + \fr 1:0 \fr*\fqa Uttisiisa: \fqa*\ft jajjabeessiisa\ft*\f*. \ip Kutaan Kitaaba kanaa irra caalaa mudhii heddu'uu fi ta wol gula himantu ka qabateeru; mudhiin hedduun tunille ta wolde'i kiristaanaa hubatiisaa dande'anu, worra dhibi'iif ammoo dhossaa teetee ta turtu ta okol-gombisaan\f + \fr 1:0 \fr*\fqa Okol-gombisaan: \fqa*\ft Dubbii woyiin fakkeessanee dubbatanu\ft*\f* ta dhiyaateertu. Akkuma itti deddeebiin faaru'uu itti deddeebi'antu mata dureen kitaaba kanaalle karaa mudhii adda addaatiin, bifa adda addaatiin itti deddeebi'iisaan dhiyaateerti. Marroo hiikkaa kitaaba kanaa yaadi adda addaa jiraatulle, yaadi guddaan ifa; yaadi kunille Waaqi karaa Goottaa Kiristoosiitiin diinota ifii duudii, Seexanalle, takkumaan guutuma guutu'utti hin injifata; yennaa injifachaan tun muummotte, worra isaa ka addatameef eebba ol-gubbaa haareyaatii fi lafa haareyaa hin dhaalchisa ta jettu. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-8\ior* \io1 Itti keyata Mudhi'iitii fi xalayaa wolde'oota kiristaanaa torbaaf ergame\ior 1:9—3:22\ior* \io1 Kitaaba marama'aa fi chaappaa torba\ior 4:1—8:1\ior* \io1 Tultullaa torba\ior 8:2—11:19\ior* \io1 Jawwe'ee fi bineensa lamaan\ior 12:1—13:18\ior* \io1 Mudhii adda addaa\ior 14:1—15:8\ior* \io1 Muduunuu mufii Waaqaa torba\ior 16:1-21\ior* \io1 Badii Baabilonii, injifatamiisa bineensaa, injifatamiisa raagaa dharichaatii fi Seexanaa\ior 17:1—20:10\ior* \io1 Muraa muumme'ee\ior 20:11-15\ior* \io1 Ol-gubbaa haareya, lafa haareya, Yerusaalemii haareya\ior 21:1—22:5\ior* \io1 Yaada buufataa\ior 22:6-21\ior* \c 1 \p \v 1 Mudhiin Yesuus Kiristoosii, ta akka inni waan dafee te'uu qabu tajaajiltoota ifiititti mudhisuuf Waaqi itti kenne tana; Yesuusille ergamaa Waaqaa ergee tajaajilaa ifii Yohaannisitti waan kana beessise. \v 2 Yohaannisille marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa baya Yesuusiitiif waan dhagge mara dhugaa baye. \v 3 Barri waan dhiyaateeruuf, dubbii raagaa tana nami dubbisu, worri dhage'uu fi worri waan keessatti barreeffame eeggatu ka badhaadhe. \s1 Nageya Wolde'oota Kiristaanaa Torbaaf Ergame \p \v 4 Ani Yohaannis, wolde'oota kiristaanaa torba ka lafa Asiyaa keessa jirtanuuf: \p Badhaadhii fi nageenni Waaqa amma jiru, ka duri jiru, ka dhufu'uu jiru biraa, ayyaanota torba ka barcumaa mootummaa isaa dura jiranu biraa, \v 5 Yesuus Kiristoosii dhugaa-bayaa addatamaa, ka worra du'e keessaa angafa te'ee kaafamee fi bulchaa mootota lafa tanaa te'e biralle'ee isiniif te'u jedha. \p Ka nu jaalatee cubbuu teenna jalaa dhiiga ifiitiin bilisa nu baasee, \v 6 Waaqa Abbaa isaa akka tajaajilluuf mootumma'aa fi hayyoota ka nu godheef, ulfinnii fi hunni bara baraa, haga bara baraa teetu! Ameen.\x - \xo 1:6 \xo*\xt Mudh. 5:10\xt*\x* \q1 \v 7 Kunoo, inni duumensaan dhufaara, \q2 ilti marti isa hin dhaggiti; \q2 worri isa woraaneeyyuu hin dhagga; \q2 kolbaan lafa irraa marti sababa isaatiin hin bowan. \q1 Ee! Akkasuma hin teeti. Ameen.\x - \xo 1:7 \xo*\xt Mat. 24:30; Mar. 13:26; Luq. 21:27; 1 Tas. 4:17; Yoh. 19:34,37\xt*\x* \p \v 8 Waaqi Goottaan amma jiru, ka durille jiru, ka dhufu, ka waan duudii dande'u, «Alfa'aa fi Omeegaan Ana» jedha; [akkasi jechuun ani ka duraatii fi duubaati jechu'u]. \s1 Mudhii Kiristoosii \p \v 9 Ani obboleessi keessan Yohaannis, ka waa'ela keessan te'ee Yesuusiin rakkinna, mootumma'aa fi ciniinnatanee ossiisa qoodame, marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa-bayiisa Yesuusiitiif oddoola Phaaximoo jedhantu keessa jiraayyu. \v 10 Guyyaa Gootta'aa, ani Ayyaana Waaqaatiin jiraayyu; qoonqoo guddoo ta akka tultulla'aa\f + \fr 1:10\fr*\fqa Tultulla'aa: \fqa*\ft Magalataa\ft*\f* ifi duubatti dhage'e. \v 11 Qoonqoon sun, «Waan dhaggitu kitaaba marama'atti barreessiitii, wolde'oota kiristaanaa torba ka qachaa Efesoonii, ka qachaa Simiirnaa, ka qachaa Phergamoonii, ka qachaa Tiyaatiraa, ka qachaa Saardeesii, ka qachaa Filaadelfiya'aatii fi ka qachaa Laa'odiiqeya'aa keessa jiruuf ergi!» naan jette. \p \v 12 Anille qoonqoo natti dubbatiisatti jirtu ilaaliisaaf ifi irra garagale; yennaa ifi irra garagale waan issaan irra keyamu torba ka worqi'iin hujame dhagge; \v 13 waan issaan irra keyamu odduulle'etti waan ilma namaa fakkaatu tokko dhagge; inni uffana dheeraa hirba bira gewu uffatee, hidhata worqi'iitiin qoma ifii hidhateera. \v 14 Mata'aa fi rifeensi isaa adii akka rifeensa hoolee adi'iitii fi adii akka dhakaa bokkeyaa ti; ilti isaalle akka bobe'a ibiddaa fakkaatti. \v 15 Miilli isaa akka sageettuu dhiillee boolla ibiddaa keessatti finiintee morodantee ittuu ti; qoonqoon isaalle akka shookkessa gootuu bisaanii ti. \v 16 Harka middichaan urjoota torba qabateera; afaan isaa keessaa shallaagaa\f + \fr 1:16\fr*\fqa Shallaagaa: \fqa*\ft Shiifa dheeraa tokko.\ft*\f* qara lamaa ka qarametti baya; fuulli isaalle akka aduu orra'aa ifa. \p \v 17 Yennaa isa dhagge akka nama du'ee te'ee miila isaa jallatti jige. Inni ammoo harka ifii middicha ana irra keyee, «Hin sodaatin! Ka duraatii fi duubaalle ana;\x - \xo 1:17 \xo*\xt Mudh. 2:8; 22:13\xt*\x* \v 18 ani Jiraata'a; ani du'eeraayyu, amma ammoo baraa haga bara baraa jiraadha; furtuun du'aa fi balbala addee worri du'e jiru bantu harka kiyya jirti. \v 19 Maarre waan dhaggite, waan amma jiruu fi waan kanaan duuba te'u barreessi. \v 20 Hiikkaan dhossaa urjoota torbaatii fi wonna issaan irra keyamuu ka worqi'iin hujame torbaa, ka ati harka kiyya middichatti dhaggitee kana: Urjooti torba ergantoota Waaqaa ta wolde'oota kiristaanaa torbaa ti; wonni issaan irra keyamu ka worqi'iin hujame torba, wolde'oota kiristaana torba. \c 2 \s1 Ergaa Wolde'a Efesooniitii Ergante \p \v 1 «Ergamaa wolde'a kiristaana Efesooniitiif akkas jedhii barreessi: \p «Urjoota torba ka harka middichaan qabateeru, waan issaan irra keyamu ka worqi'iin hujame torbaanuu odduu ka deddeebi'u akkana jedha: \v 2 Hujii teeti, itti dadhabuu keetii fi ciniinnattee ossatuu keeti beekeera. Worra hamaa cadhittee akka ati hin lakkinne, worra ergantoota adoo hin te'in ‹Nuuti ergantoota› ifiin jedhanu qortee ilaaltee sobaaleyyii akka te'ane akka dhaggitelle ani hin beeka. \v 3 Ciniinnattee ossattee, maqaa kiyyaaf rakkinna fudhattee, tana mara akka ati hin dadhabin ani hin beeka. \p \v 4 «Te'uu malee, waan si ciicadhu\f + \fr 2:4\fr*\fqa Ciicadhu: \fqa*\ft Boodhu\ft*\f* qaba; sunilleen, jaalala duri qaddu lakkitteerta. \v 5 Yoona maan irraa akka jidde yaadadhu! Cubbuu irraa deebi'iitii hujii duri hujju huji! Yoo cubbuu irraa hin deebi'in, ani sitti dhufee waan issaan keeti irra keyamu addee isaatii fuudha. \v 6 Ammoo waan dansaa kana qadda: Hujii Niqolaawotaa ta ani jibbu atille hin jibbita. \p \v 7 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nami injifatu, muka jiruu kennu ka fichaa Waaqaa\f + \fr 2:7\fr*\fqa Fichaa Waaqaa: \fqa*\ft jannata\ft*\f* keessa jiru irraa akka nyaatu hin tolcha.\x - \xo 2:7 \xo*\xt Mudh. 22:2\xt*\x* \s1 Ergaa Wolde'a Simiirna'aatii Ergante \p \v 8 «Ergamaa wolde'a kiristaana Simiirnaatiif akkas jedhii barreessi: \p «Ka duraatii fi duuba, ka du'ee, deebi'ee jiraataa te'e akkasi jedha:\x - \xo 2:8 \xo*\xt Mudh. 1:17; 22:13\xt*\x* \v 9 Rakkinnaa fi hiyyummaa teeti hin beeka; te'uu malee ati dureessa. Yihudoota adoo hin te'in nuuti Yihudoota ifiin jedhaa worra maqaa keeti balleessu ani hin beeka; isaan wolde'a Seexanaa ti. \v 10 Rakkinna sitti dhufaaru hin sodaatin. Kunoo, Seexanni isin haga ilaaliisaaf, isin keessaa garii mana hidha'aatitti hin galcha; guyyaa kudhan hin rakkatan. Haga du'aatitti ka addatante te'i; anille kallacha jiru'uu si'iif hin kenna. \p \v 11 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nami injifatu du'a lammeesso'ootiin hin miidhamu.\x - \xo 2:11 \xo*\xt Mudh. 20:14; 21:8\xt*\x* \s1 Ergaa Wolde'a Phergamooniitii Ergante \p \v 12 «Ergamaa wolde'a kiristaana Phergamooniitiif akkasi jedhii barreessi: \p «Ka shallaagaa qara lamaa, ka qarame qabu akkas jedha: \v 13 Addee barcumaan mootummaa Seexanaa jiru akka ati leetu ani hin beeka; te'uu malee maqaa kiyya jabeessitee qabatteerta. Bara dhugaa-bayaan addatamaan kiyya Antiiphaas qachaa keessan ka Seexanni keessa le'u keessatti ijjeefamelle, dhugeeffannaa na irratti qaddu hin mormanne. \p \v 14 «Te'uu malee waan si irratti ciicadhu waan diqqaa qaba: Ijoolleen Israa'elii sagalee waan Waaqa hin te'iniif woreegante akka nyaattuu fi akka sagaagaltu gufuu dura keyiisaaf, barsiisa Bala'aamii ka Baalaaq barsiise worri hordofu isin keessa jira. \v 15 Akkasuma barsiisa worra Niqolaawotaa worra hordofulle qadda. \v 16 Tanaaf cubbuu irraa deebi'i; yoo akkas hin te'in, ani ariifadhee dhufee, shallaagaa afaan kiyyaatiin isaan hin lola. \p \v 17 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nama injifatuuf sagalee mannaa jedhantu ta dhokatteertu hin kennaaf. Akkasuma dhakaa adii ka maqaan haarenni irratti barreeffameeru, ka nama fudhatu san malee eennulle hin beenne hin kennaaf. \s1 Ergaa Wolde'a Tiyaatira'aatii Ergante \p \v 18 «Ergamaa wolde'a kiristaana Tiyaatira'aatiif akkas jedhii barreessi: \p «Ilmi Waaqaa, ka ilti isaa bobe'a ibiddaa fakkaattu, ka miilli isaalle sageettuu dhiillee morodante fakkaatu akkas jedha: \v 19 Hujii teeti, jaalala keeti, dhugeeffannaa teeti, tajaajilaa fi ciniinnatee ossatuu keeti ani hin beeka; akkasuma hujiin teeti ta qaraa ta ammaa akka caaltu ani hin beeka. \p \v 20 «Te'uu malee waan si irratti ciicadhu qaba: Dubartii Iizaabel jedhantu ta ifiin, ‹Ani raaddu'u› jettu cadhittee itti lakkitteerta. Isiin barsiisa ifiitiin akka tajaajiltooti tiyya sagaagaltuu\f + \fr 2:20\fr*\fqa Sagaagaltuu: \fqa*\ft Ofattuu\ft*\f* fi sagalee waaqa dharaatiif woreegante akka nyaattu dokonkorsiti. \v 21 Akka isiin cubbuu sagaagalumma'aa irraa deebituuf yennaa isi'iif kenneeraayyu; isiin ammoo deebi'uu didatte. \v 22 Maarre ani akka isiin dhukkuffattee taqee irra ciittu godha\f + \fr 2:22\fr*\fqa Taqee irra ciittu godha: \fqa*\ft Taqee dhibe'eetitti isii qolaansa\ft*\f*, worri isii gaarayyeeffatulle hujii isi'ii hantuu irraa yoo hin deebi'in, ani rakkinna guddaa itti fida. \v 23 Ijoollee\f + \fr 2:23\fr*\fqa Ijoollee: \fqa*\ft Hordofattoota\ft*\f* isi'iille hin ijjeesa; kanaan wolde'ooti kiristaanaa duudiin, ka yaadaa namaatii fi gadhaa namaa qorqoru ana akka te'e hin hubatan. Tokko tokkoo keessaniifuu akkuma hujii teessaniititti isiniif hin kenna. \p \v 24 «Tiyaatiraa keessatti, isin worra barsiisa isi'ii hin hordofinii fi ‹Dhossaa guddoo Seexanaa› ta jedhante worra hin baratin hattaneen ammoo, waan jedhu: Ba'aa dhibii isin irratti hin fe'u; \v 25 haga ani dhufutti woma qaddanu san jabeessa'aa qabadha'a. \v 26-27 Akkuma ani abbaa kiyya biraa baallii fudhadhe, nama injifatuu fi nama hujii tiyya haga muumme'eetitti hujuuf, gosa mara irratti baallii hin kennaaf; innille, ulee bokku'uu ta sibiilaatiin gosa san hin bulcha; akka okkotee faaraalle isaan caccassee butucha. \v 28 Bakkalcha bari'iille ani isaaf hin kenna. \p \v 29 «Nami gurra qabu waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti!» ta jettu. \c 3 \s1 Ergaa Wolde'a Sardeesiitii Ergante \p \v 1 «Ergamaa wolde'a kiristaana Sardeesiitiif akkas jedhii barreessi: \p «Ayyaanota Waaqaa torbaa fi urjoota torba ka harkatti qabateeru akkas jedha: Hujii teeti hin beeka; maqa'aan hin jirta, ammoo duuteerta. \v 2 Maarre dammaqi! Waan hafe ka du'a geyeeru jabeessi! Hujiin teeti Waaqa kiyya duratti guutuu teeteertuun hin dhaggine. \v 3 Yoona, waan fudhattee fi waan dhageette qaabadhu; ajajamiif, cubbuu irralle'ee deebi'i. Yoo dammaquu dhadde ammoo akka hattu'uu sitti dhufa; saatii tam akka ani sitti dhufulle hin beettu. \v 4 Te'uu malee, qachaa Saardeesii keessa namooti diqqaan ka woyaa ifii hin xureessin si woliin jiran. Waan isaanii male waan te'eef, isaan woyaa adii uffatanee na woliin hin ideeman. \v 5 Nami injifatulle akkuma isaanii woyaa adii hin uffata; anille Abbaa kiyyaa fi ergantoota isaa duratti dhugaa hin bayaaf; maqaa isaalle kitaaba jiru'uu keessaa hin haqu. \p \v 6 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti. \s1 Ergaa Wolde'a Filaadelfiya'aatii Ergante \p \v 7 «Ergamaa wolde'a kiristaana Filaadelfiya'aatii akkasi jedhii barreessi: \p «Woyyichaa fi dhugaamessa ka te'e, ka furtuu Daawitiille harkatti qabateeru, ka waan inni cufe eennulle banuu hin dandeenne, ka waan inni banelle eennulle cufuu hin dandeenne akkasi jedha: \v 8 Ani hujii teeti hin beeka. Akka ati hunna diqqoo qaddu hin beeka; te'uu malee, dubbii tiyya eeggateerta; maqaa kiyyalle hin mormanne. Kunoo, balbala banante ta eennulle cufiisaaf hin dandeenne si dura keyeera. \v 9 Worri Yihudoota adoo hin te'in nuuti Yihudoota ifiin jedhu, worri dharaameyyiin, worri wolde'a Seexanaa te'e, gara keeti dhufee miila keeti jalatti akka sagadu, akka ani si jaaladhelle akka beekanu hin tolcha. \v 10 Ciniinnattee akka ossattuuf ajaja ani kenne waan eeggatteef, anille saatii haga ilaalchaa, ta worra lafa irra le'u haga ilaaliisaaf biyya lafaa duudii irratti dhuttu irraa si eega. \p \v 11 «Ani ariifadhee hin dhufa. Eennulle kallacha keeti akka hin fudhanne waan qaddu jabeessii qabadhu. \v 12 Nama injifatu Galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa tolcha; ijjumaa keessaa hin bawu. Maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ka Yerusaalemii haareya Waaqa kiyya biraa ol-gubba'aa gadi buutuu, maqaa kiyya haareyalle isa irratti hin barreessa.\x - \xo 3:12 \xo*\xt 21:2\xt*\x* \p \v 13 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti. \s1 Ergaa Wolde'a Laa'odiiqeya'aatii Ergante \p \v 14 «Ergamaa wolde'a kiristaana Laa'odiiqeya'aatii akkas jedhii barreessi: \p «Ka ‹Ameen› jedhamu, ka dhugaa-bayaa addatama'aa fi dhugaamessa te'e, ka madda dada Waaqaa te'e akkas jedha: \v 15 Ani hujii teeti hin beeka; ati o'aa yookiin qabbanowa'aa moti. O'aa yookiin qabbanowaa adoo teetee jiraate sila hin jaaladhaayyu. \v 16 Ati ammoo bulluqowa'a malee, o'aa yookiin qabbanowaa waan hin te'iniif, afaan kiyya keessaa si tufaara. \p \v 17 «Ati, ‹Ani dureessa, ani quufaleessa, womaa naaf hin barbaachisu› jetta; ammoo, ati deegaa, naasisaa\f + \fr 3:17\fr*\fqa Naasisaa: \fqa*\ft Gaddisiisaa\ft*\f*, hiyyeessa, balla'aa, fi nafa-qullaa akka ka jirtu akka teete ifi hin beettu. \v 18 Maarre akka duroontuuf, worqii ibiddaan qulqulloonte akka bitattu, nafi-qullaan fokkisiisu akka hin mudhanneef woyaa adii akka bitattu, dhaggiisaafille akka dandeettu qorsa ilatti buufattu akka na irraa bitattu si gorsa. \v 19 Ani worra jaaladhu duudii hin xixa, hin adaballe'e. Tanaaf jabaadhu, cubbuu irralle'ee deebi'i.\x - \xo 3:19 \xo*\xt Ibr. 12:6\xt*\x* \v 20 Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage'ee yoo balbala naaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille na woliin nyaata. \v 21 Akkuma ani injifadhee Abbaa kiyya woliin barcumaa mootummaa isaa irra tee'e, nami injifatulle na woliin barcumaa mootummaa tiyyaa irra akka tee'u hin tolcha. \p \v 22 «Nami gurra dhage'u qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uuti!» jedha. \c 4 \s1 Waaqonfannaa Ol-Gubba'aa \p \v 1 Kanaan duuba ani ilaalee, ol-gubba'atti balbala banante dhagge. Qoonqoon tanaan dura akka tultulla'aa anaan dubbattuun ani dhage'e, «Asi koy, waan kanaan duuba te'u ani sitti mudhisa!» jette. \v 2 Anille yoosuma Ayyaanaan jiraayyu; kunoo, ol-gubba'atti barcumaan mootumma'aa keyameera, barcumaa mootumma'aa san irra ka tee'eerutti jira. \v 3 Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, akka dhakoota Yaasiphisiitii fi Saardiyonii ka gatiin guddo'oo, calaqqisee mudhata. Adaala barcumaa mootumma'aa san hiituun Waaqaa ta akka dhakaa gatiin guddo'oo ka Simaaragidos jedhamuu fakkaattu jirtiiyyu. \v 4 Adaala barcumaa mootumma'aa san, barcumaan mootumma'aa diddamii afur jiraayyu; isaan san irralle maanguddoon diddamii afur woyaa adii uffatanee, kallacha worqi'iin hujame keyatanee tetee'aneeraniiyyu. \v 5 Barcumaa mootumma'aa san keessaa ifi balaqqeetti'ii, qoonqo'oo fi gikkeessi mandiisu'uu baye. Barcumaa mootumma'aa san fuula duratti ifi torba ifiisatti jiraayyu; isaan sunille Ayyaanota Waaqaa torba.\x - \xo 4:5 \xo*\xt Mudh. 8:5; 11:19; 16:18; 1:4\xt*\x* \v 6 Akkasuma, barcumaa mootumma'aa san fuula dura abbaayaan daaw'iti'ii, qulqulluun cabbii fakkaattu jirtiiyyu. \p Oddu'uu fi adaala barcumaa mootumma'aa, dadi lubbuu qaddu arfan ta duraa fi duubaan ila hedduu qaddu jirtiiyyu. \v 7 Dadi lubbuu qaddu ta qaraa neenqa fakkaatti; ta lammeesso'oo qotiyyoo fakkaatti; ta sadeesso'oo fuula fuula namaa fakkaatu qaddi; ta arfeesso'oo risaa koolaan ka'u fakkaatti. \v 8 Dadi lubbuu qaddu arfanuu koola jaan jaan qaddi; keessaa fi gubbaalle'een ila hedduu qaddi. Halkanii fi guyyaa adoo hafuura hin fudhatin, \q1 «Goottaan Waaqi waan mara dande'u, \q2 ka duri jiru, ka amma jiruu fi ka dhufu, \q1 Woyyicha, Woyyicha, Woyyicha!» jedhaa faarfatti. \p \v 9 Yennaa dadi arfanuu, ka barcumaa mootumma'aa irra te'eeruu fi ka haga bara baraa jiraatuuf ulfinna, guddinna fi galata kennitu maraa, \v 10 maanguddooti diddamii afur, ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru duratti jiganee, ka haga bara baraa jiraataa te'e le'uuf sagadaaraniiyyu; kallacha ifiille barcumaa mootumma'aa dura keyanee, \q1 \v 11 «Ati waan mara waan daddeef, \q2 isaaniille fedha keetiin waan dadamanee fi waan jiraataneef, \q1 Waaqa Goottaa keenna, \q2 ulfinna, guddinnaa fi baallii fudhatuu qadda» jedhiisatti jiraniiyyu. \c 5 \s1 Kitaaba Marama'aa Fi Hoolicha \p \v 1 Achiin duuba ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru, kitaaba maramaa ka keessaa fi gubbaa barreeffamee, chaappaa torbaan dhowameeru harka middichaan qabateeruun dhagge. \v 2 Ergamaan Waaqaa jabaan tokko qoonqoo guddo'oon, «Ka chaappaa irraa rigee\f + \fr 5:2\fr*\fqa Rigee: \fqa*\ft Balleessee, hiikee\ft*\f* kitaaba maramaa san banu'uu male eennu?» jedhaa lallabuun dhagge. \v 3 Te'uu malee ol-gubbaa keessa yookiin lafa irra, lafaan jalalle, ka kitaaba maramaa san banee keessa isaa ilaaluu dande'u tokkolle hin jiruuyyu. \v 4 Ka kitaaba maramaa san banee keessa isaa ilaalu'uu male waan hin jirreef, ani laalleffadhee bowe. \v 5 Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, «Hin bowin! Kunoo, neenqi gosa Yihuda'aa, sanyiin Daawitii injifateera; inni kitaaba maramaa san baniisaa fi chaappaa torbaanuu irraa rigiisaaf hin dande'a» naan jedhe. \p \v 6 Achiin duuba, ka Hoolicha qalame fakkaatu tokko, dada lubbuu qaddu afurii fi maanguddootaan naanneffamee, odduu barcumaa mootumma'aa dhaabbateeruun dhagge. Hoolichi sun gaafa torbaa fi ila torba qaba; isaaniille Ayyaanota Waaqaa torba ka gara lafa duudi'ii ergamane. \v 7 Hoolichi sun dhufee, harka middicha ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru irraa kitaaba maramaa san fuudhe. \v 8 Yennaa inni kitaaba maramaa san fuudhe, dadi lubbuu qaddu afurii fi maanguddooti diddamii afur Hoolicha san fuula duratti gad lafatti jigane; tokkoon tokkoon isaanii waan daadimata kolbaa Waaqaa te'e kiraara gudda'aa\f + \fr 5:8\fr*\fqa Kiraara gudda'aa: \fqa*\ft Baganaa\ft*\f* fi girgiraa worqi'iin hujame ka hixaanaan guutame qabataneeraniiyyu. \v 9 Isaan faaruu haareya faarfataa, \q1 «Ati kitaaba maramaa san fudhatiisaaf, \q2 chaappota irraa rigiisaafille ka malte; \q2 sababille ati qalantee, \q2 dhiiga keetiin gosa maraa keessaa, afaan maraa keessaa, \q2 kolbaa maraa keessaa, sanyii nama maraa keessaa, \q2 namoota Waaqaaf wodatteerta. \q1 \v 10 Waaqa keennaaf, akka isaan mootumma'aa fi \q2 hayyoota te'anu gooteerta; \q2 isaaniille lafa irratti hin mowan» jedhane. \p \v 11 Kanaan duuba ilaalee, qoonqoo ergantoota heddu'uu dhage'e; laakkossi isaaniille kuma heddu'uu fi miliyoona heddu'u. Isaan adaala barcumaa mootumma'aa, adaala dada lubbuu qadduutii fi maanguddootaa naannowaneeran. \v 12 Isaan qoonqoo guddo'oon, \q1 «Hoolichi qalame sun, \q2 baallii, durummaa, qarummaa, hunna, \q2 ulfinna, guddinnaa fi \q2 galata fudhatu'uu male» jedhanee faarsane. \p \v 13 Achiin duuba dadi ol-gubba'aa, ta lafa irraa, ta laafaan jalaa, ta abbaayaa keessaatii fi ta isaan mara keessa jirtu marti, \q1 «Galanni, guddinni, ulfinnii fi baalliin, \q2 ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolichaaf, \q2 bara baraa haga bara baraa te'u» jedhaa faarfatanuun dhage'e. \p \v 14 Dadi lubbuu qaddu arfan, «Ameen!» jette; maanguddootille gad jiddee sagadde. \c 6 \s1 Chaappaa Torba \p \v 1 Achiin duuba Hoolichi sun chaappaa torba keessaa ka qaraa banuun dhagge; dada lubbuu qaddu arfan keessalle'ee tokkochi qoonqoo akka mandiisu'uutiin, «Koy!» jedhuun dhage'e. \v 2 Anille midhadhee, farda adii tokko dhagge; ka farda san irra tee'eerulle guubee qabateera; kallachi isaaf kennamee, innille akka mowataa tokkoo mowatiisaaf gad baye. \p \v 3 Yennaa Hoolichi sun chaappaa lammeessoo bane, dadi lubbuu qabu ka lammeesso'oo, «Koy!» jedhuun dhage'e. \v 4 Achiin duuba fardi dhibiin diimaan ibiddi gad baye; ka farda san irra tee'eerulle, akka nageya lafa irraa balleessuu fi akka namooti wol qalanu akka godhuuf baalliin kennanteef; shallaagaan guddaalle kennameef. \p \v 5 Yennaa Hoolichi sun chaappaa sadeesso'oo bane, dadi lubbuu qabu ka sadeesso'oo, «Koy!» jedhuun dhage'e. Anille achi midhadhee farda gurraacha tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru waan ittiin madaalanu\f + \fr 6:5\fr*\fqa Waan ittiin madaalanu: \fqa*\ft Miizana\ft*\f* harkatti qabateera. \v 6 Qoonqoo dada lubbuu qaddu afur keessaa baatu fakkaattu dhage'e; qoonqoon sun, «Qamadiin waan ittiin safaranu diqqaa tokkocha te'u mindaa hujii guyyaa tokkoo, garbuun waan ittiin safaranu diqqaa sad te'u mindaa guyyaa tokkoo te'uu ti! Ejersa zayiti'iitii fi muka woynii hin balleessin» jettuun dhage'e. \p \v 7 Yennaa Hoolichi sun chaappaa arfeesso'oo bane, dadi arfeesso'oo, «Koy!» jedhuun dhage'e. \v 8 Ani midhadhee, farda borora tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru maqaan isaa, «Du'a» jedhama; mootummaan du'aalle duubaan isa hordofiisatti jirtiiyyu. Du'aa fi mootummaan du'aa shallaaga'aan, beelaan, bala'aa fi bineensota lafa irraatiin akka ijjeesanuuf, lafa irratti harka afur keessaa harka tokko baalliin isaaniif kennante. \p \v 9 Yennaa Hoolichi sun chaappaa shaneesso'oo bane, lubbuu worra marroo Dubbii Waaqaatii fi marroo dhugaa bayaneef qalamanee, addee ciincaan ciinceffamu jalatti dhagge. \v 10 Isaanille qoonqoo guddo'oon, «Goottaa Ol Aana'a, woyyichaa fi dhugaamessa, worra lafa tana irra le'u irratti murtee, dhiiga keenna nu'uuf adoo hin baasin, haga yoomii turta?» jedhaa iyyane. \v 11 Achiin duuba tokkoo tokkoofuu woyaan adiin kennante; haga laakkossi tajaajiltoota isaaniif lansaatii fi obboleeyyan isaanii, ka akkuma isaanii ijjeefamanuu guutuu te'utti, haga diqqoo akka ossatanu itti himame. \p \v 12 Hoolichi chaappaa jayeesso'oo banuun dhagge. Tacho'i lafaa guddaan te'e; aduun akka cile'ee gurraachotte; jiinille guutuma guutu'utti akka dhiigaa diimate. \v 13 Akkuma midhaan harru'uu ka hin bilchaatin qilleensa jaba'aan hargufamee harca'u, urjooti gubba'aa gadi lafatti harcaate. \v 14 Gubbaan akka kitaaba marama'aa marantee tarte; gaarotaa fi oddoolli duudiin addee ifii irraa balleeffamane. \p \v 15 Kanaan duuba, moototi lafaa, bulchitooti, abbootiin duulaa, dureeyyiin, hunnaameyyiin, garbichaa fi ka garbicha hin te'in marti, godootaa fi rassoota gaarotaa keessa dhokatane. \v 16 Gaarotaa fi rassootalle'een, «Nu irratti jiga'a, ila ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruutii fi mufii Hoolichaa jalaa nu dhossa'a. \v 17 Guyyaan guddaan isaan mufatanu geyeera; eentu dura dhaabbachuu dande'aa ree?» jedhane. \c 7 \s1 Kolbaan Israa'elii 144,000 Mallatteeffante \p \v 1 Kanaan duuba ergantooti Waaqaa arfan, moggaa lafaa arfanuu dhaabbatanee, akka lafatti yookiin abbaaya'atti, yookiin muka kamille'etti qilleensi hin dhoonne, qilleensa maddii arfanii dhoogganuun dhagge. \v 2 Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara aduun baatuun dhufuun dhagge; innille, ergantoota Waaqaa arfan, ta akka lafaa fi abbaayaa miidhanuuf baalliin isaanii kennanteen, qoonqoo ol qabatee, \v 3 «Adda tajaajiltoota Waaqa keennaatitti haga chaappaa dhoonnu, lafa yookiin abbaayaa, yookiin mukoota hin miidhina'a» jedhee iyye. \p \v 4 Ani laakkossa worra chaappaan itti dhowameelle dhage'e; worri gosa Israa'elii mara keessaa chaappa'aan dhowame kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afur. \v 5 Gosa Yihudaa keessaa kuma kudha lama, gosa Ruubenii keessaa kuma kudha lama, gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama, \v 6 gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama, gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama, gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama, \v 7 gosa Shimi'oonii keessaa kuma kudha lama, gosa Lewwi'ii keessaa kuma kudha lama, gosa Yisaakorii keessaa kuma kudha lama, \v 8 gosa Zebuloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yoseef keessaa kuma kudha lama, gosa Beniyaaminii keessaa kuma kudha lamatti chaappaan dhowame. \s1 Gumii Bindillaa \p \v 9 Kanaan duuba gumiin bindillaan ta nami tokkolle laakkowee hin dandeenne gosa biyya adda addaa mara keessaa, gosa mara keessaa, kolbaa maraa fi afaan adda addaa mara keessaa dhufane dhaabbataneeranuun dhagge; isaan woyaa adii uffatanee, baala meexxi'ii harkatti qabatanee, barcumaa mootumma'aatii fi Hoolichaa dura dhaabbataneeraniiyyu. \v 10 Isaan qoonqoo guddo'oon, «Fayyinni Waaqa keenna ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolicha biraa dhaggama!» jedhanee iyyane. \v 11 Ergantooti Waaqaa martinuu naannoo barcumaa mootumma'aa, maanguddootii fi dadi lubbuu qaddu arfan dhaabbataneeraniiyyu; barcumaa mootummaa Waaqaa duratti addaan gad gombifamanee Waaqaaf sagadanee, \v 12 «Ameen! Waaqa keennaaf leelloon, guddinni, qaruun, galanni, ulfinni, hunnaa fi jabeenni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen!» jedhane. \p \v 13 Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, «Worri woyaa adii uffateeru kun eennu fa'a? Eessaa dhufane?» jedhee na gaafate. \p \v 14 Anille, «Goottaa kiyya, si'ittuu beeka» jedheen. Innille, «Isaan worra rakkinna guddaa keessaa bayanee dhufane; woyaa ifiille dhiiga Hoolichaatiin dhiqatanee addeeffataneeran.\x - \xo 7:14 \xo*\xt Mat. 24:21; Mar. 13:19\xt*\x* \v 15 Tanaaf isaan barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa dura dhaabbatanee, halkanii fi guyyaa Galma Waaqaa keessatti isa tajaajilan; ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eerulle dunkaanii ifii isaan gubba'atti hin diriirsa. \v 16 Haganaa achi hin beelowanu; deebi'aneelle hin dheebotanu, aduun isaan hin dhoottu, o'i finiinaalle isaan hin gubu. \v 17 Sababille, Hoolichi odduu barcumaa mootumma'aa jiru tissee isaanii hin te'a; gara madda bisaan jiru'uulle isaan hin geessa. Waaqille ila isaanii irraa imimmaan mara hin haqa» anaan jedhe. \c 8 \s1 Chaappaan Torbeesso'oo Baname \p \v 1 Yennaa Hoolichi chaappaa torbeesso'oo bane, ol-gubba'atti gara daqiiqaa soddomaa cadheessi te'e. \v 2 Achiin duuba ani ergantoota Waaqaa torba ta Waaqa dura dhaabbattu dhagge; tultullaan torballe isaaniif kenname. \p \v 3 Ergamaan Waaqaa ka dhibiille girgiraa worqi'iin hujame qabatee dhufee, addee ciincaan itti ciinceffamu bira dhaabbate; innille addee ciincaan itti ciinceffamu ta worqi'iin hujantee barcumaa mootummaa Waaqaa dura jirtu irratti, daadimata worra Waaqaaf woyyoome maraa woliin akka dhiyeessuuf, hixaanni bacaan itti kenname. \v 4 Aarri hixaanaalle daadimata worra Waaqaaf woyyoomee woliin harka ergamaa Waaqaa irraa gara fuula Waaqaa ol ka'e. \v 5 Ergamaan Waaqaa sunille girgiraa san harkatti qabatee ibidda ciinca'aa itti guutee gad gara lafaa qolaanse; gikkeessi mandiisu'uu, huuruun, balaqqeessi balaqqeetti'iitii fi tacho'i lafaalle te'e. \s1 Tultullaa Torba \p \v 6 Achiin duuba ergantooti Waaqaa torba ta tultullaa torba qabatteertu tultullaa afuufiisaaf qophootte. \p \v 7 Ergamaan Waaqaa ka qaraa tultullaa ifii afuufe. Dhakaan bokkeyaatii fi ibiddi dhiigaan makame lafatti gad bu'ane; lattille harka sad keessaa harki tokko gubatte; mukootille harka sad keessaa harki tokko gubatane; marri bisileelle martinuu gubate. \p \v 8 Ergamaan Waaqaa ka lammeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Wonni akka gaara gudda'aa fakkaatulle ibiddaan gubataa abbaaya'atti qolaanfame; abbaayaan guddoolle harka sad keessaa harki tokko dhiiga teete. \v 9 Dadi lubbuu qaddu ta abbaayaa keessa jirtu, harka sad keessaa harki tokko duute; hobolooti gugurddootille\f + \fr 8:9\fr*\fqa Hobolooti gugurdootille: \fqa*\ft Markabootille\ft*\f* harka sad keessaa harki tokko muxuqqi jedhane. \p \v 10 Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Urjiin guddoon ta akka xassa'aa\f + \fr 8:10\fr*\fqa Xassa'aa: \fqa*\ft Umeessaa\ft*\f* bobeettu lagoota harka sad keessaa harka tokkoo fi maddoota bisaaniititti ol-gubbaa irraa buute. \v 11 Maqaan urjii saniille, «Hadheesso» jedhama. Bisaanille harka sad keessaa harki tokko hadhowaa te'e; bisaan hadhowaa waan te'eef namooti hedduun du'ane. \p \v 12 Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Ifi isaanii harka sad keessaa harki tokko akka dukkanowuuf, ka adu'uu harka sad keessaa harki tokko, ka ji'aa harka sad keessaa harki tokkoo fi ka urji'ii harka sad keessaa harki tokko dhowame; ifi guyya'aa harka sad keessaa harka tokko, ifi halkaniille harka sad keessaa harka tokko ifa akka hin kennine dhooggame. \p \v 13 Achiin duuba midhadhee, risaan tokko waaqa keessa koolaan ka'aa qoonqoo guddo'oon, «Ergantooti Waaqaa sad ta hatte, waan tultullaa afuuttuuf, worra lafa irra le'uuf aanne'e! Aanne'e! Aanne'e!» jedhaa iyyuun dhage'e. \c 9 \p \v 1 Ergamaan Waaqaa ka shaneesso'oo tultullaa afuufe. Ani urjii ol-gubbaa irraa gadi buuteertu dhagge; urjii saniif furtuun boolla qile'ee kennante. \v 2 Yennaa urjiin sun boolla qilee san bante, aarri akka aara boolla ibiddaa guddaa keessaa bawu fakkaatu keessaa baye. Aara boolla keessaa bayeen, adu'uu fi qilleensi dukkanowane. \v 3 Aara san keessaa awwaannisooti bayanee lafatti bu'ane; baalliin akka baallii makkaa\f + \fr 9:3\fr*\fqa Makka: \fqa*\ft Gaadduu, qaajjibbuu\ft*\f* jirtu kennanteef. \v 4 Isaan namoota adda ifii irratti chaappaa Waaqaa hin qanne callaa malee, marra lafaa, yookiin waan latee bisilee te'e mara, yookiin muka akka hin miine itti himame. \v 5 Awwaannisootille ji'a shan callaa akka isaan farrisiisanuuf malee, akka ijjeesanuuf baalliin isaaniif hin kennanne; farri isaan farranu sunille farra akka yennaa makki nama ciniine namatti dhage'amuu ti. \v 6 Guyyoota san namooti du'a barbaadan, ammoo hin dhaggatanu; du'iisaafille hin halchan, duuti ammoo isaan duraa hin baqatti. \p \v 7 Awwaannisooti fardoo lolaaf qophootte fakkaatan; mataa ifii irralle'etti waan akka kallacha worqi'ii fakkaatu keyataneeran; fuulli isaaniille fuula namaa fakkaata; \v 8 rifeensi isaanii akka rifeensa mataa dubarti'ii fakkaata; ilkaan isaaniille ilkaan neenqaa fakkaata. \v 9 Isaan qomoo, qomoo sibiilaa fakkaattu qaban; qoonqoon koola isaaniille hididdeessa garreettota lolaa ka fardo'oon harkifamanu heddu'uu, ka gara lolaa gulufanuu fakkaatti. \v 10 Isaan akka makkaa eege'ee fi ilkattii qaban. Hunni isaan ittiin namoota ji'a shan farrisiisanulle eegee isaanii irra jirti. \v 11 Isaan mootii qaban; innille ergamaa boolla qile'eeti; maqaan ergantichaa afaan Ibrootaatiin, «Abadoon», afaan Giriikiitiin, «Apholiyon» jedhama; akkas jechuulle, «Balleesso» jechu'u. \p \v 12 Aanneen qaraa dabarteerti; kunoo kanaan duuba ammalle aanneen lama ta dhibiin hin dhutti. \p \v 13 Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Gaafa arfan addee ciincaan itti ciinceffamuu, ka worqi'iin hujamee fuula Waaqaa dura jiruu irraa qoonqoon dhuttuun ani dhage'e. \v 14 Qoonqoon sunille ergamaa Waaqaa ka tultullaa jayeesso'oo qabateeruun, «Ergantoota Waaqaa arfan ta laga Efraaxiisii guddichaatitti hidhamane hiiki!» jette. \v 15 Sanyii namaa harka sad keessaa harka tokko akka ijjeesanuuf, saatii tanaaf, guyyaa kanaaf, ji'aa kanaa fi woggaa kanaaf, ergantooti Waaqaa arfan ta qophowaneeranu hiikamane. \v 16 Ani laakkossa loltoota fardaan loltuulle dhage'e; laakkossi isaanii miliyoonii dhibba lama. \v 17 Fardo'oo fi worra fardoo san irra tee'eerulle ani mudhi'iin dhagge. Isaan qomoo sibiilaa diintuu akka ibiddaa, gurraattii akka baddeessa'aatii, fi bifa bookaa fakkaattu qaban. Mataan fardoo sanii mataa neenqaa fakkaata; afaan isaanii keessalle'ee ibiddi, aarrii fi dhakaan bobe'u baya. \v 18 Balaa sadiin afaan fardo'oo keessaa bayeen, jechuun ibiddaan, aaraa fi dhakaa bobe'uun sanyiin namaa harka sad keessaa harki tokko ijjeefante. \v 19 Sababille hunni fardoo sanii afaanii fi eegee isaanii keessa jirti; eegeen isaanii bofa fakkaatti; isiille mataa waan qadduuf, isaan isi'iin kolbaa miidhan. \p \v 20 Worri balaa kanaan hin du'in hafane ammalle hujii harka ifii irraa hin deebine. Isaan durriisota, akkasuma waaqota dharaa ka worqii, meetii, sageettuu, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka dhagguu, yookiin dhage'uu, yookiin ideemuu hin dandeenne waaqonfatiisa hin lakkinne. \v 21 Isaan ijjeechaa, xanuu, sagaagaluu yookiin hatuu irraa hin deebine. \c 10 \s1 Ergamaa Waaqaatii Fi Kitaaba Diqqicha \p \v 1 Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin hunnaamessi ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. Inni duumensa maratee, mataa ifii irratti hiituu Waaqaa qaba; fuulli isaa aduu fakkaata; miilli isaalle utuboota ibiddaa fakkaata. \v 2 Inni Kitaaba maramaa diqqaa banameeru harkatti qabateera; miila ifii middicha abbaayaa irra, miila bitaacha lafa irra keyate; \v 3 qoonqoo guddoo ta akka neenqa dhangaa dhowuutiin iyye. Yennaa inni iyye mandiisuun torba qoonqoo ifii dhageessitte\f + \fr 10:3\fr*\fqa Dhageessitte: \fqa*\ft Mandiite\ft*\f*. \v 4 Yennaa mandiisuun torba mandiite, ani barreessiisaaf qophoweeraayyu; ol-gubbaa irraa ammoo, «Waan mandiisuun torba dubbatte cufii gadha'atti qabadhu malee, hin barreessin» qoonqoo jettu dhage'e. \p \v 5 Kanaan duuba ergamaa Waaqaa ka abbaaya'aa fi lafa irra dhaabbateeruun dhagge sun harka ifii middicha gara ol-gubba'aa ol kaase. \v 6 Innille maqaa Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin, ka ol-gubba'aa fi waan isii keessa jiru, ka lafaa fi waan isii keessa jiru, ka abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru dadeetiin kakatee, «Yoona hin turu! \v 7 Guyyoota ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo tultullaa ifii afuufutti ammoo, akkuma inni tajaajiltoota ifii raagotatti mudhisetti dhossaan Waaqaa hin muummotti» jedhe. \p \v 8 Achiin duuba qoonqoon ani ol-gubbaa irraa dhage'e tuun ammalle, «Dhaqiitii harka ergamaa Waaqaa, ka abbaaya'aa fi lafa irra dhaabbateeru irraa, Kitaaba diqqicha maramaa, ka banameeru fudhadhu» jettee natti dubbatte. \v 9 Anille gara erganticha Waaqaa dhaqee Kitaaba diqqicha maramaa san akka naaf kennu gaafadhe; innille, «Fudhadhuu nyaadhu! Inni afaan keeti keessatti akka dammaa hin mi'owa, gadhaa keeti keessatti ammoo hin hadhowa» naan jedhe. \v 10 Kitaaba diqqicha san harka ergamaa Waaqaa irraa fuudhee nyaadhe; afaan kiyya keessatti akka dammaa mi'owe; nyaadheen duuba ammoo gadhaa kiyya keessatti hadhowe. \v 11 Achiin duuba, «Ati marroo kolbaa adda addaa, marroo gosa biyya adda addaa, marroo afaan adda addaatii fi marroo mootota adda addaa raaga dubbatuu qadda» jedhamee natti himame. \c 11 \s1 Dhugaa Baatota Lama \p \v 1 Achiin duuba uleen ittiin mikanu\f + \fr 11:1\fr*\fqa Mikanu: \fqa*\fqa Hagam akka dheeratuu fi badhatu ittiin ilaalanu, yookiin likkanu\fqa*\f* ta leemma fakkaattu naaf kennante; analle'een, «Dhaqiitii Galma Waaqaatii fi addee ciincaan itti ciinceffamu miki; worra achitti waaqonfatulle laakkow. \v 2 Addee Galma Waaqaatiin fuula dura jirtu ammoo hin mikin. Sababille addeen sun worra Yihudoota hin te'iniif kennanteerti. Isaan qachaa woyyicha ji'a afurtamii lama irra hirbeessan. \v 3 Ani dhugaa baatota tiyya lamaaf hunna hin kenna; isaaniille woyaa gaddaa uffatanee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatama hin raagan» jedhame. \v 4 Dhugaa baatoti lama, ta Waaqa Goottaa biyya lafaa dura dhaabbattu tun, muka ejersaa lamaa fi waan ifi irra keyamu lama. \v 5 Eennulle isaan miidhiisaaf yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa bayee diina isaanii hin balleessa; ka isaan miidhiisaaf barbaadu mara akka kanaan ijjeefaman. \v 6 Isaan guyyoota raaga raaganu san, akka bokkeenni hin roonne gubbaa cufiisaaf baallii qaban; akkasuma bisaan dhiiga godhiisaa fi yennaa fedhane mara balaa te'e maraanuu lafa dhowiisaaf baallii qaban. \p \v 7 Yennaa isaan dhugaa bayiisa fixatane, bineensi hamaan\f + \fr 11:7\fr*\fqa Bineensi hamaan: \fqa*\ft Doobbaan yookiin bineensi Iyyaa fakkaatu\ft*\f* boolla qilee keessaa bayee isaan adhee injifatee, hin ijjeesa. \v 8 Reeffi isaaniille hodhicha guddaa qachaa gudda'aa irra hin ciciisa; qachaan kun addee Goottaan isaanii itti fannifame, ta yennaa fakkeennaan dubbatantu\f + \fr 11:8\fr*\fqa Yennaa fakkeennaan dubbatanu: \fqa*\ft Yookiin ila ayyaanaatiin ilaalamu\ft*\f* Sodoom yookiin Gibxi jedhantu. \v 9 Kolbaa adda addaa keessaa, gosa adda addaa keessaa, afaan adda addaatii fi gosa biyya adda addaa keessaa worri dhufane, guyyaa sadii fi wodhakkaa reeffa isaanii hin daaw'atan, hin awwaalchisanulle'e. \v 10 Raagoti lamaan tun worra lafa irra le'anu waan farrisiisaneeranuuf, worri lafa irra le'anu du'a raagota tanaatitti gammadanee jilifatan; woliifille kennansa hin kennan. \v 11 Guyyaa sadii fi wodhakka'aan duuba ammoo, hafuurri jiru'uu Waaqa biraa dhufee itti gale; isaanille ka'anee miila ifiitiin dhaabbatane; worri isaan dhagge duudiin bararaqe. \v 12 Achiin duuba ol-gubbaa irraa qoonqoo guddoo ta, «Asi baya'a!» isaaniin jettu dhage'ane; diinoti isaanii adoo ilaalanu duumensa keessa gara ol-gubba'aa bayane. \v 13 Saatuma sanitti tacho'i lafaa guddaan te'ee, qachaan sun harka kudhan keessaa harki tokko diigame; tacho'a lafaa saniin namooti kum torba du'ane; worri hafanelle bararaqanee, Waaqa ol-gubba'aatiif ulfinna kennane.\x - \xo 11:13 \xo*\xt Mudh. 6:12; 16:18\xt*\x* \p \v 14 Aanneen lammeesso'oo dabarteerti; kunoo aanneen sadeesso'oo dhufaarti. \s1 Tultullaa Torbeesso'oo \p \v 15 Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Ol-gubbaalle'etti qoonqoon hedduun guddoon, «Mootummaan biyya lafaa, ta Goottaa keennaatii fi ta Kiristoosii\f + \fr 11:15\fr*\fqa Kiristoosii: \fqa*\ft Masiihii\ft*\f* isaa teete; innille bara baraa haga bara baraatitti hin mowa» jettu dhage'ante. \p \v 16 Maanguddooti diddamii afur, ka fuula Waaqaa duratti barcumaa ifii ka mootumma'aa irra tee'aneeranulle, addaan gombifamanee Waaqaa sagadanee, \q1 \v 17 «Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, \q2 ka ammaa fi durille jirtu, \q2 hunna teeti guddoo fudhattee waan mooteef, \q2 si galateeffanna. \q1 \v 18 Worri Yihudoota hin te'in mufate; \q2 mufiin teetille dhutte. \q1 Yennaan worri du'e muraa dhaggatulle geette; \q2 yennaan tajaajiltooti teeti raagotii fi \q2 worri si'iif woyyoome, \q2 worri maqaa keeti ulfeessu \q2 worri didiqqa'aa fi worri gugurdaan, \q2 gatii ifii dhaggatanu geette. \q1 Yennaan worra lafa balleesse, \q2 balleessitulle geette» jedhane. \p \v 19 Achiin duuba Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa baname; Galma Waaqaa keessatti saanduqi Gondooroo\f + \fr 11:19\fr*\fqa Saanduqi Gondooroo: \fqa*\ft Amaariffaan, «Taabota»\ft*\f* isaa mudhate. Balaqqeettiin balaqqittee, huuruun dhage'antee, mandiisuun mandiitee, latti tachootee, dhakaan bokkeyaa guddaalle bu'e.\x - \xo 11:19 \xo*\xt Mudh. 8:5; 16:18; 21\xt*\x* \c 12 \s1 Dubartitti'ii Fi Bineensa Jawwee Fakkaatu \p \v 1 Kancirri guddaan tokko ol-gubba'atti mudhate; dubartiin aduu uffattee, ji'a miila jala keyattee, kallacha urjoota kudha lamaa\f + \fr 12:1\fr*\fqa Kallacha urjoota kudha lamaa: \fqa*\ft Urjoota kudha lama akka kallachaa keyatteertu\ft*\f* mata'atti keyatteertu takka mudhatte. \v 2 Isiin ulfa qaddi; yennaa deyiisaaf ciniinsifattu, ciniinsu'uun rakkattee iyyite. \v 3 Kancirri dhibiille ol-gubba'atti mudhate; jawween\f + \fr 12:3\fr*\fqa Jawween: \fqa*\ft Muusageessi, bineensi akka jawwe'ee\ft*\f* guddoon diintuun, ta mataa torbaa, ta gaafa kudhan qadduu fi kallacha torba mata'atti keyatteertu takka mudhatte. \v 4 Eegeen isi'ii urjoota harka sad keessaa harka tokko ol-gubba'aa harkittee gad lafatti qolaansite. Jawween sun, akkuma dubartittiin deetteen mucaa isiin deettu liqinsiisaaf, isii deya geette dura dhaabbatte. \v 5 Isiin ilma gosa biyya maraa ulee sibiilaa ta bokku'uutiin bulchu deette; mucaan gara Waaqaatii fi gara barcumaa mootummaa ifii ol fudhatame. \v 6 Dubartittiille, gara addee Waaqi akka isiin guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin leetu dhaggattuuf\f + \fr 12:6\fr*\fqa Waan ittiin leetu dhaggatuuf: \fqa*\ft Kunuunfantuuf\ft*\f* qopheessee, gara lafa goomole'ee baqatte. \p \v 7 Kanaan duuba ol-gubbaalle'etti lolli ka'e. Mikaa'elii fi ergantooti isaa jawwee san lolane; jawwe'ee fi ergantuun isi'iille deebisane isaan lolane; \v 8 te'uu malee jawwe'ee fi ergantooti isi'ii injifatamane; addee ol-gubba'atti qabanulle dhabane. \v 9 Jawween guddoon gad qolaanfante; isiin Diyaabiloosii yookiin Seexana biyya lafaa duudii wollaalchise jedhamu, dhudhuufaa bara durii ti. Isiin gad gara lafaa qolaanfante; ergantooti isi'iille isii woliin qolaanfante. \v 10 Anille ol-gubbaa keessaa qoonqoo guddoo dhage'e; isiilleen, \q1 «Amma fayyinni, hunni, mootummaan Waaqa keennaatii fi \q2 baalliin Kiristoosii isaa dhutteerti. \q1 Himattooti obboleeyyan teennaa, \q2 ta halkanii fi guyyaa Waaqa keenna duratti \q2 isaan himataa turtelle gad qolaanfanteerti. \q1 \v 11 Obboleeyyan teennalle, \q2 dhiiga Hoolichaatii fi jecha dhugaa bayiisa ifiitiin \q2 isa mowataneeran; \q2 lubbuu ifii adoo hin jaalatin \q2 du'aaf dabarsanee ifi kennaneeran. \q1 \v 12 Maarre yoona ol-gubbootii fi \q2 worri isaan keessa leetanu gammada'a! \q2 Lafaa fi abbaayaa guddo'o, isiniif ammoo aanne'e! \q1 Sababille Seexanni yennaa gabaadduu callaa akka qabu beekee, \q2 mufii gudda'aan gadi gara keessan dhufeera» jedhe. \p \v 13 Jawween sun gara lafaatitti akka gad qolaanfante yennaa beette, dubartittii ilma deette san ari'utti kaate. \v 14 Dubartittiin ammoo gara lafa goomole'ee, addee itti woggaa sadii fi wodhakka'aaf waan ittiin leetu dhaggattu sanii, akka koolaan kaatuuf koolli risaa guddichaa lama isi'iif kenname. \v 15 Achiin duuba jawween sun akka dubartiin sun lola'aan fudhatantuuf, bisaan akka lagaa, afaan ifii keessaa, dudda isi'ii duubaan gadi naxxe. \v 16 Latti ammoo dubartittii gargaarte; afaan ifii bantee laga jawween afaan ifii keessaa gadi naxxe san liqinsite. \v 17 Jawween sunille dubartii sanitti aartee, ijoollee isi'ii ta hatte woliin loliisaaf dhaxxe; isaan worra ajaja Waaqaa eeggatuu fi dhugaa baya Yesuusii qabatu. \v 18 Jawween sun maansa cinaa abbaaya'aa irra dhaabbatte. \c 13 \s1 Bineensota Lama \p \v 1 Kanaan duuba bineensi tokko abbaayaa keessaa bayuun dhagge. Bineensi sun gaafa kudhanii fi mataa torba qaba; gaafota ifii irralle'etti kallacha kudhan, mataa ifii irralle'etti maqoota Waaqa faanshessanu qaba. \v 2 Bineensi ani dhagge sun qeeransa fakkaata; miilli isaa ammoo miila doobba'aa\f + \fr 13:2\fr*\fqa Doobba'aa: \fqa*\ft Iyya'aa\ft*\f* fakkaata, afaan isaalle afaan neenqaa fakkaata. Jawween tun hunna ifii, barcumaa mootummaa ifiitii fi baallii ifii guddoo bineensa sanii kennite. \v 3 Matoota bineensa sanii keessaa mataan tokkochi madaa ijjeettu waan qabu fakkaata; ammoo madaan sun fayyiteerti. Biyyi duudiin baaseffattee, bineensa san hordotte. \v 4 Jawween baallii ifii bineensa kanaaf waan kenniteef, namooti isi'iif sagadane; akkasuma bineensa sanille'een, «Ka akka bineensa kanaa jiru eennu? Eentu isa loliisaaf dande'a?» jedhaa sagadaneef. \p \v 5 Afaan jecha kooraa ittiin dubbatuu fi Waaqa ittiin faanshessu bineensa saniif kenname; ji'a afurtamii fi lama baalli'iin akka hujuufille eeyyam kenname. \v 6 Innille Waaqa, maqaa Waaqaa, addee ulfaattuu Waaqi le'uu fi worra ol-gubbaa keessa le'u faanshessiisaaf afaan banate. \v 7 Akka inni woyyoota lolee injifatuuf hunni isaaf kennante. Gosa, kolbaa, afaanii fi gosa biyya adda addaa mara irralle'etti baalliin kennanteef. \v 8 Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu ka Hoolicha qalamee keessatti hin barreeffamin, namooti lafa irra le'anu marti bineensa saniif hin sagadan. \v 9 Nami gurra qabu dhage'uu ti! \v 10 Nami booji'amu, hin booji'ama; nami shallaaga'aan ijjeefamu shallaagumaan ijjeefama. Ciniinnatanee ossiisaa fi addatamiisi kolbaa Waaqaa yennaa tana barbaachitti. \p \v 11 Achiin duuba bineensi dhibiin lafa keessaa bayuun dhagge. Akka hoole'ee gaafa lama qaba, ammoo akka jawwe'ee dubbate. \v 12 Inni maqaa bineensa qaraatiin baallii guutu'uun hujiisatti jiraayyu; lafaa fi worri isii irra le'anu maraa, bineensa qaraa ka madaa ijjeettu irraa fayye akka waaqonfatanu godhe. \v 13 Kolbaa duralle'etti haga ibidda ol-gubbaa irraa gad gara lafaa buusiisaatitti bilbaasa gugurddaa huje. \v 14 Maqaa bineensa qaraatiin bilbaasa akka hujuuf baalliin waan kennanteertuuf, worra lafa irra le'anu wollaalchise; bineensa shallaaga'aan madayee, ammoo ka lubbu'uun jiruuf, fakkii akka dhaassisanuufille ajaje. \v 15 Fakkiin bineensa qaraa dubbatiisa akka dandeettu hafuura akka isi'iif kennuu fi worra fakkii tanaaf hin saganne maraa akka ijjeesisuuf baalliin kennante. \v 16 Akkasuma diqqa'aa fi guddaan, dureessii fi hiyyeessi, gootta'aa fi garbichi marti harka middicha irratti yookiin adda ifii irratti beessisa akka godhatanu hunnaan tolche. \v 17 Beessisa bineensa qaraa ka maqaa isaa yookiin laakkossa maqaa isaa mudhisu, yoo ifi irraa qabaate malee, nami tokkolle bitatu'uu fi gurguratuu akka hin dandeenneef akkasi tolche. \p \v 18 Wonni tun qarummaa barbaaddi. Laakkossi kun laakkossa namaa waan te'eef, nami qalbii qabu maraa laakkossa bineensa kanaa herregee bira gewuu ti; laakkossi isaalle, dhibba jaa fi jaatamii fi ja. \c 14 \s1 Hoolichaa Fi Kolbaa Isaa \p \v 1 Achiin duuba midhadhee, Hoolichi gaara Xiyoonii irra dhaabbatuun dhagge; worri maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaaniititti barreeffameerulle, namooti kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur isa woliin jiraniiyyu. \v 2 Qoonqoo akka qoonqoo bisaan heddu'uutii fi gikkeessa mandiisuu guddo'oo jirtu ol-gubbaa keessaa dhage'e; qoonqoon ani dhage'e sun qoonqoo kiraara gugurda'aa\f + \fr 14:2\fr*\fqa Kiraara gugurda'aa: \fqa*\ft Bagana'aa\ft*\f* ka worri kiraara dhowu dhowuu fakkaatti. \v 3 Isaanille barcumaa mootumma'aa duratti, dadi lubbuu qaddu afurii fi maanguddoo diddamii fi afur duratti faaruu haareya faarsane. Worra lafa irraa wodame, worra kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur malee, nami tokkolle faaruu san baratiisaaf hin dandeenne. \v 4 Worri kun waan qulqullumma'aan ifi eegataneeranuuf, worra dubartii bira dhaqiisaan ifi batteesseeruu moti; isaan qeedho'o. Isaan gara Hoolichi deemu mara gula deeman; isaan kun worra Waaqaa fi Hoolichaaf akka angafoota te'anuuf, sanyii namaa keessaa wodamane. \v 5 Afaan isaanii keessalle'etti dharti ijjumaa hin dhagganne; isaan worra komii hin qanne. \s1 Ergantoota Waaqaa Sadiin \p \v 6 Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin wodhakkaa ol-gubba'aa keessa koolaan ka'uun dhagge; innille Oduu Gammadaa ta bara baraa, ta worra lafa irra le'u maraaf, gosa biyya adda addaa maraaf, gosa maraaf, afaanii fi kolbaa maraaf lallabu qabateera. \v 7 Inni qoonqoo guddo'oon, «Guyyaan muraa isaa waan geyeef, Waaqa sodaadha'a, ulfinnalle kenna'aaf! Ka ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi madda bisaanii dadeef sagada'a!» jedhe. \p \v 8 Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka lammeesso'oo, ka qaraatitti aanee, «Baabiloniin guddoon jidde! Jidde! Isiin gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'ii, ta macheessitu akka untu tolchiteerti» jedhe.\x - \xo 14:8 \xo*\xt Mudh. 18:2\xt*\x* \p \v 9 Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka sadeesso'oolle, isaanitti aanee qoonqoo guddo'oon, «Nami bineensaa fi fakkii isaatiif sagadu, ka beessisa isaalle adda ifii irratti yookiin harka ifii irratti godhatu mara, \v 10 daadhii woyni'ii ta mufii Waaqaa hin una; daadhiin woyni'ii sunille ta adoo hin makamin muduunuu mufii Waaqaatitti naqanteertu; akkasuma inni ergantoota Waaqaa woyyootaa fi Hoolicha fuula duralle'etti ibiddaa fi dhakaa bobe'uun hin farra. \v 11 Aarri farra isaaniille bara baraa haga bara baraa ol hin baya; worri bineensaa fi fakkii bineensaatiif sagadu, yookiin worri beessisa maqaa isaa godhatu mara halkanii fi guyyaa foora hin qabu» jedhe. \p \v 12 Kolbaa Waaqaa ta ajaja Waaqaa eeggatanuu fi Yesuusille'eef addatamiisaan jabaatanu irraa ciniinnatanee ossiis yennaa tana barbaachitti. \p \v 13 Achiin duuba ol-gubbaa keessaa, «Haganaa achi worri Gootta'aan jiraataa du'u, worra badhaadhe jedhii barreessi» qoonqoo jettu dhage'e. Ayyaannille, «Ee, hujiin isaanii waan isaan hordottuuf, dadhabbii ifii irraa hin foorfatan» jedha. \s1 Mufii Gootta'aa Lafa Irratti \p \v 14 Achiin duuba midhadhee, duumensa adii tokko dhagge; ka ilma namaa fakkaatu tokkolle, kallacha worqi'ii mata'atti keyatee, haantuu qara qaddu harkatti qabatee, duumensa san irra te'eeraayyu. \v 15 Ergamaan Waaqaa dhibiin, Galma Waaqaa san keessaa bayee, ka duumensa irra tee'e saniin, «Wonni lafa tanaa ta haammantu guutumatti bilchaateerti; yennaan haamma'aalle waan geetteertuuf, haantuu teetiin haam!» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye. \v 16 Maarre, ka duumensa irra tee'eeru sun haantuu ifii lafa irra wolaase; lattille haamante. \p \v 17 Ergamaan Waaqaa ka dhibiin, Galma Waaqaa ka ol-gubbaa keessa jiru keessaa baye; innille haantuu qara qaddu qabaayyu. \v 18 Ergamaan Waaqaa ka dhibiin, ka ibidda irratti baallii qabu, addee ciincaan itti ciinceffamu biraa baye; inni ergamaa Waaqaa ka haantuu qara qaddu qabateeruun, «Unkuruurri midhaan muka woyni'ii waan bilchaateeruuf, haantuu teetiin unkuruura midhaan muka woyni'ii, muka woynii lafa irraa muriitii wolitti qabi» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye. \v 19 Ergamaan Waaqaa sunille, haantuu ifii lafa irra wolaasee, unkuruura midhaan muka woynii lafaa mara muree, addee midhaan woynii mufii Waaqaa guddo'oon itti cunfantutti qolaanse. \v 20 Woyniin sunille qacha'aan alatti addee woyniin itti cunfantutti cunfante; dhiigi haga lugaama fardaa ol dheeratuu addee woyniin itti cunfantu san keessaa bayee, haga kiiloo meetira dhibba sadii lola'e.\x - \xo 14:20 \xo*\xt 19:15\xt*\x* \c 15 \s1 Ergantoota Waaqaa Torbaa Fi Balaa Torba \p \v 1 Achiin duuba beessisa gudda'aa fi kancira te'e tokkolle ol-gubba'atti dhagge. Ergantoota Waaqaa ta balaa muumme'ee torba qabatteertu dhagge; mufiin Waaqaa isaaniin waan muummottuuf, ka muumme'ee jedhamane. \p \v 2 Ammalle waan ibiddaan makameeru ka abbaayaa daaw'iti'ii fakkaatu tokko dhagge; worra bineensa, fakki'ii fi laakkossa maqaa isaa injifateerulle, cinaa abbaayaa sanii dhaabbataneeranuun dhagge. Isaanille kiraara guddicha Waaqa biraa kenname qabatanee, \v 3 faaruu garbicha Waaqaa ka Muuse'eetii fi Ka Hoolichaa faarfatanee, \q1 «Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, \q2 hujiin teeti guddo'oo fi baasa! \q1 Ati mootii gosa biyya adda addaa\f + \fr 15:3\fr*\fqa Mootii gosa adda addaa: \fqa*\ft Woraabbiin gariin mootii bara baraa jedha\ft*\f*, \q2 karaan keeti qajeela'aa fi dhuga'a! \q1 \v 4 Gootta'a! Nami si hin sodaanne, \q2 ka maqaa keetille hin guddinne eennu? \q1 Si calla'attuu woyyicha; \q2 hujiin\f + \fr 15:4\fr*\fqa Hujii: \fqa*\ft Muraan\ft*\f* teeti balchittiin waan mudhatteef, \q2 gosi biyya adda addaa mara dhufee, \q2 si'iif hin sagada» jedhane. \p \v 5 Kanaan duuballe'etti waan dhibii dhagge. Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa, ka dunkaanii dhugaa bayaa jedhamu baname; \v 6 ergantooti Waaqaa ta balaa torba qabatteertu, Galma Waaqaa keessaa gadi bayane; isaan woyaa quncee talba'aa irraa hujante, adii calalaxxu uffatanee qoma ifiille hidhata worqi'iitiin hidhataneeran. \v 7 Achiin duuba dada lubbuu qaddu afur keessaa tokkochi, qorii worqi'ii torba ta mufii Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin guutanteertu, ergantoota Waaqaa torba sanii kenne. \v 8 Galmi Waaqaa sunille aara ulfinnaa fi hunna Waaqaatiin guutame; haga balaan torba ka ergantoota Waaqaa torbaa muummottutti, eennulle gara Galma Waaqaa seeniisaaf hin dandeenne. \c 16 \s1 Muduunuu Mufii Waaqaa Torba \p \v 1 Achiin duuba Galma Waaqaa keessaa, qoonqoon guddoon ergantoota Waaqaa torbaaniin, «Dhaqa'aatii, qorii mufii Waaqaa torba lafatti gadi naqa'a!» jettuun ani dhage'e. \p \v 2 Ergamaan Waaqaa ka qaraa dhaqee qorii ifii lafatti gadi naqe; worra beessisa bineensaa ifi irratti qabuu fi worra fakki'iif sagade irratti madaan hantuun farrisiittu baate. \p \v 3 Ergamaan Waaqaa ka lammeesso'oo, qorii ifii abbaayaa irratti gadi naqe; abbaayaan guddoon sunille akka dhiiga nama du'ee teete; wonni lubbuu qabanu ka abbaayaa san keessa le'anu mara du'ane. \p \v 4 Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oo qorii ifii lagaa fi madda bisaanii irratti gadi naqe; isaaniille dhiiga te'ane. \v 5 Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka bisaan irratti baallii qabu dubbatuun dhage'e; inni, \q1 «Ee, Woyyicha, \q2 ka amma jirtuu fi durille jirtu, \q2 waan akkas murteef, \q2 ati sirri'i; \q2 \v 6 isaan dhiiga woyyootaatii fi \q2 raagotaa dhangalaasaneeran; \q2 atille akka isaan dhiiga unanu gooteerta; \q2 kun waan isaaniif male!» jedhe. \q1 \v 7 Qoonqoon takkalle addee ciincaan itti ciinceffamu irraa, \q2 «Ee, Goottaa Waaqa waan mara dandeettu, \q2 muraan teeti dhuga'aa fi sirri'i» \q2 jettuun dhage'e. \p \v 8 Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oolle, qorii ifii aduu irratti gadi naqe; aduulle ibidda ifiitiin akka namoota woxaltuuf baalliin kennanteef. \v 9 Isaanille finiina hama'aan woxalamane; isaan maqaa Waaqa balaa kana mara irratti baallii qabuu abaarane malee, cubbuu irraa hin deebine, ulfinnalle isaaf hin kennine. \p \v 10 Ergamaan Waaqaa ka shaneesso'oolle, qorii ifii barcumaa mootummaa bineensaa irratti gadi naqe; mootummaan bineensaalle dukkanaan liqinfante; namootille farra irraa ta kaateen arraba ifii cicciniinane. \v 11 Farraa fi madaa ifii irraa ta kaateen Waaqa ol-gubba'aa abaarane malee, hujii ifii hantuu irraa hin deebine. \p \v 12 Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oolle, qorii ifii laga Efraaxiisii guddicha irratti gad naqe; mootota gara aduun baatuu dhufanuuf, akka karaan qophowuuf bisaan lagaa sun goge. \v 13 Achiin duuba afaan jawwe'ee keessaa, afaan bineensaa keessaa fi afaan raagicha dharaamessaa keessaa, ayyaanoti battooti sad ka raacha fakkaatanu bayanuun dhagge. \v 14 Isaan ayyaanota durriisaa, ka bilbaasota godhanu; ayyaanoti kun Guyyaa guddaa Waaqa waan mara dande'uutitti lola te'uuf, mootota wolitti qabiisaaf gara mootota biyya lafaa duudii dhaqan. \p \v 15 «Kunoo, ani akka hattu'uu yennaa hin beekkanne dhufa! Nami akka qullaa hin teenee fi akka nafi fokkoo isaa hin mudhanneef, dammaqee, woyaa ifii eeggatu ka badhaadhe!» \p \v 16 Ayyaanoti hamooti sun mootota san addee afaan Ibrootaatiin, «Armaagedoon» jedhantutti wolitti qabane. \p \v 17 Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo qorii ifii qilleensa irratti gadi naqe; barcumaa mootumma'aa ka Galma Waaqaa keessa jiru irraa, qoonqoon guddoon, «Muummotte» jettu baate. \v 18 Achiin duuba balaqqeettiin balaqqitte, huuruun dhage'ante, mandiisuun mandiite, lattille akka malee tachoote; haga nami lafa irratti dadameen jalqabee tacho'i lafaa guddaan akkasii te'ee hin beeku. \v 19 Qachaan akka malee gudddaan sun addee saditti gargar baye; qachaan guddaan gosa biyya adda addaalle diigame. Waaqi Baabilon guddoo qaabatee, muduunuu daadhii woyni'ii ta mufii jaddu'uun guutante keessaa akka untu tolche. \v 20 Oddoolli marti baqatane; gaarotille dhabamane. \v 21 Dhakaan bokkeyaa gugurdaan, ka tokkoon tokkoon isaa gara kiiloogiraama afurtamii shanii ulfaatu, gubba'aa gad namoota irra bubbu'e; balaan sun farrisiisaa waan te'eef, balaa dhakaa bokkeyaa saniin ta kaate, namooti Waaqa abaarane. \c 17 \s1 Sagaagaltuu Guddittii \p \v 1 Ergantoota Waaqaa torba ta muduunuu torba qaddu keessaa tokkochi dhufee anaan, «Koy, muraa sagaagaltittii gudditti'ii, ta bisaan hedduu irra teeteertuu sitti mudhisa. \v 2 Moototi lafa tanaa isii woliin sagaagalteerti; worri lafa irra le'ulle daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'iitiin machoweera» jedhe. \p \v 3 Achiin duuba ergamaan Waaqaa sun gara lafa goomole'ee Ayyaanaan na geesse; achille'etti dubartiin takka, bineensa diimaa ka nafi isaa duudiin maqoota faansho'ootiin guutameeru, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabu irra teeteertuun dhagge. \v 4 Dubartittiin sun woyaa dhiille'ee fi diintuu uffattee, worqii, dooqaa fi dhakaa gatii guddo'oo naqattee, ifi seefatteerti; harkalle'etti muduunuu worqi'iin hujante, ta waan diqachiisuu fi battii sagaagala isi'iitiin guutanteertu qaddiiyyu. \v 5 Maqaan dhossa'aa ka, «Baabilonii guddittii, haadha sagaagaltootaatii fi battoota lafaa» jedhu adda isi'ii irratti barreeffameera. \v 6 Dubartittiin sunille, dhiiga woyyootaatii fi dhiiga dhugaa baatota Yesuusiitiin machootteertuun dhagge; ani yennaa isii dhagge akka malee baaseffadhe. \v 7 Achiin duuba ergamaan Waaqaa, «Maaf baaseffatta? Dhossaa dubartitti'iitii fi bineensa isiin irra teetteertuu, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabuu san, ani sitti hima. \v 8 Bineensi ati dhaggite sun duri jira, amma ammoo hin jiru; boolla qilee keessalle'ee ol bayee, gara badii ifii hin deema. Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti hin barreeffamin, worri lafa irra le'anu akka bineensichi duri jiru, amma ammoo akka hin jiraatin, deebi'eelle akka dhufu, yennaa dhagganu hin baaseffatan. \p \v 9 «Wonni tun qalbii qaruu qaddu barbaaddi; mataan torba sun gaara torba dubartittiin irra teettu; isaan sunille mootota torba. \v 10 Isaan keessaa shan jiganeeran; tokkochi hin jira, ka dhibiin haga ammaa hin dhunne; yennaa dhufu ammoo yennaa diqqoo qofaaf turuu\f + \fr 17:10\fr*\fqa Turuu: \fqa*\ft Bulchuu\ft*\f* qaba. \v 11 Bineensi duri jiru, ka amma ammoo hin jirre sun, mooticha saddeetesso'oo ti; innille mootota torba san keessaa tokko; gara badi'iille hin deema. \p \v 12 «Gaafi kudhan ati dhaggite sun, mootota kudhan ta haga ammaa mootummaa hin fudhatin; te'uu malee saatii takka'aaf, bineensa san woliin mootota te'anee mowiisaaf baallii hin fudhatan. \v 13 Isaan yaada tokko qaban; hunna ifiitii fi baallii ifii bineensa saniif hin kennan. \v 14 Isaan Hoolicha hin lolan; Hoolichi ammoo Goottaa goottotaatii fi mootii moototaa waan te'eef, isaan hin mowata. Worri isa woliin jiru, worri waamame, worri filamee fi worri addatamelle isa woliin hin mowata» jedhe. \p \v 15 Ergamaan Waaqaalle anaan, «Bisaan hedduun sagaagaltittiin irra teetteertuun ati dhaggite sun kolbaa hedduu, namoota bindillaa, gosa biyya adda addaatii fi afaan adda addaa ti. \v 16 Bineensii fi gaafi kudhan ati dhaggite sun sagaagaltittii san hin jibban; isaan isii onsanee qullaa lakkisan; foon isi'ii hin nyaatan, ibiddalle'een isii hin guban. \v 17 Haga Jechi Waaqaa muummowu, karoora isaa akka muummessanuu fi yaada tokko te'anee baallii ifii bineensa saniif akka kennanuuf, ka yaada kana gadhaa isaanii keessa keye Waaqa. \v 18 Dubartittiin ati dhaggite sunille, qachaa akka malee guddaa te'e ka mootota lafaa irratti mootomu» jedhe. \c 18 \s1 Jigiisa Baabilonii \p \v 1 Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka baallii guddoo qabu ka dhibiin ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge; calalaqa ulfinna isaatiin ta kaate latti itte. \v 2 Innille qoonqoo guddo'oon iyyee: \q1 «Baabiloniin guddittiin jidde! Jidde! \q2 Isiin mana durriisotaa, \q2 addee ayyaanni battichi mara itti baqatu, \q2 addee sinbirreen battitti'ii fi diqachiittu marti \q2 itti qubatu teete! \q1 \v 3 Gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'ii \q2 ta sagaagala isi'ii waan unteertuuf, \q2 moototi lafa irraa isii woliin sagaagalaneeran; \q2 daddaltooti lafa irraalle qananummaa hunna isi'iitiin ta kaate \q2 duroomaneeran» jedhe. \p \v 4 Achiin duuba qoonqoo dhibii ol-gubbaa irraa dhage'e; isiille: \q1 « ‹Kolbaa tiyya! Cubbuu isi'ii keessaa akka harka hin qabaanne, \q2 balaa isi'iille akka hin qoodanne, \q2 isii keessaa baya'a! \q1 \v 5 Cubbuun isi'ii haga ol-gubba'aa waan tuulanteertuuf, \q2 Waaqi yakkaa isi'ii qaabateera. \q1 \v 6 Haga isiin isinii kennite, deebisa'aatii kenna'aaf, \q2 waan isiin gootelle'eef \q2 dachaa lama deebisa'aatii godha'aaf! \q2 Muduunuu isiin itti bulbultetti, \q2 harka lama xiyya godha'aatii bulbula'aaf! \q1 \v 7 Qixxee isiin ulfinna ifiif kennitee, qanannumma'aan leete, \q2 farraa fi gadda kenna'aaf. \q1 Isiin gadhaa ifii keessalle'etti, ‹Ani mootittii te'eera; \q2 ani haadha hiyyeessaatii moti; \q2 ijjumaa hin gaddu› ifiin jetti. \q1 \v 8 Tanaaf balaan isi'ii hedduun: \q2 duuti, gaddaa fi beelti, \q2 guyyuma tokkotti itti hin dhufan. \q2 Waaqi Goottaan isi'itti muru hunnaamessa waan te'eef \q2 isiin ibiddaan hin gubanti. \p \v 9 «Moototi lafa irraa ta isii woliin sagaagaltee fi qananumma'aan leete, aara yennaa isiin gubattu aaru yennaa dhaggane, isi'iif waacifanee bowan. \v 10 Farra isi'ii kanalle sodaatanee, fagoo dhaabbatanee, ‹Qachaa gudda'a, si'iif aanne'e! Aanne'e! Qachaa Baabilonii hunnaamessa, muraan teeti saatii takkaa keessatti dhutteerti› jedhan. \p \v 11 «Nami haganaa achi fe'iisa isaanii bitatu waan hin jirreef, daddaltooti lafaalle isi'iif waacifanee bowan. \v 12 Fe'iis sunille: Worqii, meetii\f + \fr 18:12\fr*\fqa Meetii: \fqa*\ft Birrii sibiilaa\ft*\f*, dhakaa gatii guddo'oo, dooqa, woyaa miila talba'aa irraa hujante, woyaa dhiillee, woyaa haarri'ii, woyaa diintuu, muka uddowu mara, waan ilka arbaa irraa, muka gatii guddo'oo irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa fi waan dhakaa adii irraa hujame mara, \v 13 qarafaa, qimamii, hixaana, qumbii, uddowaa iffataa, daadhii woyni'ii, zayitii ejersaa, bullaa, qamadii, loon, hoolee, fardoo, garreettota fardaan harkifamanu, garboole'ee fi namoota. \p \v 14 «Daldaltootille isi'iin, ‹Wonni dansaan ati halchite si irraa bayyatteerti; durumma'aa fi ulfinni keeti mara badeera; deebi'eelle hin dhufu› jedhan. \v 15 Daddaltooti waan kana gurgurataa isi'iin duroomane farra isi'ii sodaatanee fagoo dhaabbatan; waacifaa bowaa, \v 16 qoonqoo guddo'oon iyyaa: \q1 « ‹Qachaa guddicha, \q2 woyaa quncee talba'aa irraa hujante, \q2 woyaa dhiille'ee fi diintuu uffataa tureef, \q2 ka worqi'ii fi dhakaa gatii gudda'aa, \q2 dooqalle naqataa tureef aanne'e! Aanne'e! \q1 \v 17 Saatii takkaa keessatti \q2 durummaan sun duudiin badde!› hin jedhan. \p « ‹Worri hoboloo guddittii\f + \fr 18:17\fr*\fqa Hoboloo guddittii: \fqa*\ft Markaba\ft*\f* ajaju, worri hoboloo gudditti'iin ideemu, worri hoboloo guddittii keessa huju, worri abbaayaa irratti daddaliisaan le'anu duudiin irraa fagaatanee hin dhaabbatan. \v 18 Qachaan kun gubatuun aara bawu yennaa dhaggane, «Qachaan guddaan qachaa kana fakkaatu ka biraa hin jiraayyuu?» jedhan. \v 19 Bukuu mataa ifii irratti firfirsanee, waacifaa bowaa, \q1 « ‹Qachaan guddichi \q2 ka worri abbaayaa irratti \q2 hoboloo guddittii qabanu duudiin, \q2 karra isaatiin duroomane, \q2 saatii takkaa keessatti waan badeef \q2 aanne'e! Aanne'e!› jedhaa iyyan. \q1 \v 20 « ‹Ol-gubba'a, badii qachaa kanaatitti gammadi! \q2 Waan Waaqi marroo teessaniif itti mureef, \q2 isin kolbaan Waaqaa, \q2 ergantootii fi raagoti, \q2 gammada'a!› jette» ta jettu. \p \v 21 Kanaan duuba ergamaan Waaqaa jabaan tokko dhakaa akka dhakaa daaku'uu guddaa tokko fuudhee abbaaya'atti darbee: \q1 «Qachaan Baabilonii guddichi \q2 akkas hunnaan qolaanfamee, \q2 gad darbama, \q2 deebi'eelle hin dhaggamu! \q1 \v 22 Qoonqoon worra kiraara guddicha dhowuu, \q2 qoonqoon worra weeddisuu, \q2 ka worra susulle'ee fi tultullaa afuufuu, \q2 deebitee si keessatti hin dhage'antu. \q1 Ogeeyyiin hujii adda addaa hujju, \q2 deebitee si keessatti hin dhaggantu. \q1 Qoonqoon dhakaa daaku'uulle, \q2 deebitee si keessatti hin dhage'antu. \q1 \v 23 Ifi issa'aa, \q2 deebi'ee si keessatti hin ifu. \q1 Qoonqoon waajibichaatii fi waajibitti'ii, \q2 deebitee si keessatti hin dhage'antu. \q1 Daddaltooti keeti \q2 namoota gugurdoota biyya lafaa ti. \q1 Ati xanoo teetiin kolbaa duudii \q2 dokonkorsiteerta. \q1 \v 24 Dhiigi raagotaatii fi \q2 kolbaa Waaqaa, \q2 ka worra lafa irratti ijjeefamee duudiin, \q2 qachaa Baabilonii keessatti dhaggameera» jette. \c 19 \p \v 1 Kanaan duuba qoonqoo, qoonqoo kolbaa bindilla'aa fakkaattu, qoonqoo guddoo ol-gubbaa irraa dhage'e; isiille, «Halle luuyyaa! Fayyisiis, ulfinnii fi hunni ta Waaqa keennaa ti! \v 2 Muraan isaa dhuga'aa fi sirrii waan teeteef, inni sagaagaltuu guddittii sagaagalummaa ifiitiin lafa balleessite sanitti mureera; dhiiga tajaajiltoota ifii ta isiin dhangalaattelle baaseera» ta jettu. \p \v 3 Ammalle itti dabalanee, «Halle luuyyaa! Aarri qachaa gubatu sanii, bara baraa haga bara baraa ol ka'a» jedhane. \v 4 Maanguddooti diddamii afurii fi dadi lubbuu qaddu arfan gadi lafatti jiganee, Waaqa barcumaa mootummaa ifii irra tee'eeruuf sagadanee, «Ameen, halle luuyyaa!» jedhane. \s1 Jila Fuudha Hoolichaa \p \v 5 Qoonqoon takka barcumaa mootumma'aa biraa baatee, «Isin tajaajiltooti isaa marti, isin worri isa sodaattanu, diqqa'aa fi guddaan, Waaqa keenna leellisa'a!» jette. \p \v 6 Kanaan duuballe waan akka qoonqoo kolbaa bindilla'aa, ta akka shookkessa bisaan yaa'uutii fi gikkeessa mandiisuu jaddu'uu fakkaattu takka dhage'e, isiille, «Halle luuyyaa! Goottaan keenna Waaqi, ka waan mara dande'u mooti'i. \v 7 Guyyaan jila fuudha Hoolichaa waan geyee fi waajibittiin isaalle waan ifi qopheeffatteef, kowa'a gammannee ilillinnaa! Ulfinnalle isaaf kennina! \v 8 Woyaan quncee talba'aa irraa hujante, ta calalaxxuu fi qulqullittiin, akka isiin uffattuuf isi'ii kennante» ta jettu; woyaan quncee talba'aa irraa hujante sunille hujii balchittii kolbaa Waaqaa ti. \p \v 9 Ergamaan Waaqaa sun anaan, « ‹Worri gara jila fuudha Hoolichaa waamame worra badhaadhe› jedhii barreessi» jedhe. Itti aanseelle, «Kun jecha Waaqaa dhugicha» naan jedhe.\x - \xo 19:9 \xo*\xt Mat. 22:2-3\xt*\x* \p \v 10 Anille isaaf sagadiisaaf miila isaatitti jige; inni ammoo, «Lakkisi! Tana hin godhin! Anille, si'ii fi obboleeyyan teeti ta dhugaa baya Yesuusii fudhatte woliin tajaajila'a; dhugaa bayi Yesuusii Ayyaana raagaa waan te'eef, Waaqaaf sagadi» naan jedhe. \s1 Ka Farda Adii Irra Tee'eeru \p \v 11 Achiin duuba ol-gubbaan banantee, fardi adiin tokkolle achi jiruun dhagge. Farda san irralle, «Addatama'aa fi dhugaamessa» ka jedhamu tee'eeraayyu; inni balchumma'aan mura, hin lolalle'e. \v 12 Ilti isaa akka bobe'a ibiddaa ti; mataa ifii irralle'etti kallacha bacaa qaba. Maqaan isa malee nami tokkolle hin beenne isa irratti barreeffameera. \v 13 Inni woyaa dhiiga keessa cuuphanteertu uffateera; maqaan isaalle Jecha Waaqaa ti. \v 14 Loltooti ol-gubba'aa woyaa quncee talba'aa irraa hujante adi'ii fi qulqullittii uffatanee, fardoo adaadii irra tetee'anee isa gula deemiisatti jiraniiyyu. \v 15 Shallaagaan qara qabu ka inni ittiin gosa biyya adda addaa dhowu afaan isaa keessaa baye; ulee bokku'uu ta sibiilaatiille'een isaan hin bulcha. Inni addee daadhiin woyni'ii ta mufii hantuu Waaqa waan mara dande'uu itti cunfantu hin dhiita. \v 16 Woya'aa fi gudeeda isaa irratti maqaan, «Mootii moototaatii fi Goottaa goottotaa» jedhu barreeffameera. \p \v 17 Achiin duuba ergamaan Waaqaa tokko aduu keessa dhaabbateeruun dhagge. Innille allaattota wodhakkaa gubba'aa keessa koolaan kaatu mara qoonqoo guddo'oon waamee, «Kowa'a, irbaata guddaa Waaqi isinii qopheesseef wolitti qabama'a! \v 18 Foon moototaa, foon abbootii duula, foon hunnaameyyi'ii, foon fardo'ootii fi worra fardoo irra tee'uu, akkasuma foon nama maraa, ka garbaatii fi ka garba hin te'inii, ka diqqa'aatii fi gudda'aa kowa'aatii nyaadha'a!» jedhe. \p \v 19 Achiin duuba bineensii fi moototi lafa irraa loltoota ifii woliin, ka farda irra tee'eeruu fi loltoota isaa loliisaaf wolitti qabamaneeranuun dhagge. \v 20 Bineensi sun ammoo qabame; raagichi dharaamessi fuula isaa duratti bilbaasota godhaa ture sunille isa woliin qabame. Inni, worra beessisa bineensaa ifi irraa qabuu fi worra fakkii isaatiif sagade, bilbaasota kanaan dokonkorse. Lamaanuu, akkuma lubbu'uun jiranuun abbaayaa dhakaa bobe'uun gubattutti qolaanfamane. \v 21 Worri hafanelle, shallaagaa afaan ka farda irra tee'eeruu keessaa bayuun ijjeefamane; allaattiin sun marti foon isaanii nyaattee quutte. \c 20 \s1 Mootummaa Woggaa Kumaa \p \v 1 Achiin duuba ergamaan Waaqaa dhibiin, ka furtuu boolla qile'eetii fi wodaroo sibiilaa harkaa qabu tokko ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. \v 2 Inni jawwee qabee woggaa kumaaf hidhe; jawween tun ta Diyaabiloos yookiin Seexana jedhantu, dhudhuufaa durii ti. \v 3 Haga woggaan kum tokko sun muummottutti, akka jawween deebitee gosa biyya adda addaa hin dokonkorsineef qile'etti isii qolaansee, itti cufee chaappaa itti dhowe. Achiin duuba yennaa diqqo'oof hiikamuu qaddi. \p \v 4 Kanaan duuba barcumoota mootumma'aa dhagge; barcumoota mootumma'aa san irra worri akka muruuf baalliin kennanteertu tetee'eeraayyu. Akkasuma lubboota worra marroo dhugaa baya Yesuusiitii fi Jecha Waaqaatiif mormi kutamee dhagge. Isaan bineensaaf yookiin fakkii bineensaatiif hin saganne; adda yookiin harka ifii irratti beessisa bineensa sanii hin godhanne. Isaanille du'aa ka'anee Kiristoos woliin woggaa kuma tokkoof mowan. \v 5 Worri du'e ka hafe ammoo, haga woggaan kum tokko sun muummotutti du'aa hin kaane. Kun du'aa ka'a qaraa ti. \v 6 Worri du'aa ka'a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu'u. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te'an; isa wolille'een woggaa kuma tokkoof mowan. \s1 Seexanni Injifatame \p \v 7 Yennaa woggaan kum tokko sun muummotte, Seexanni addee itti hidhame sanii hin hiikama; \v 8 gosa biyya adda addaa ta maddii lafaa arfanuu keessa jirtu: Gosa Googiitii fi Maagoogii dokonkorsaa, lolaaf wolitti isaan qabiisaaf hin baya; laakkossi isaaniille akka maansa cinaa abbaaya'aa ti. \v 9 Isaan gara lafa maraa bayanee, addee kolbaan Waaqaa jirtuu fi qachaa Waaqaan jaalatame marsane; te'uu malee ibiddi ol-gubba'aa irraa bu'ee isaan nyaate. \v 10 Seexanni isaan dokonkorselle, addee bineensii fi raagichi dharaamessi jiranu, abbaayaa ibiddaa fi dhakaa bobe'uutitti qolaanfame. Isaaniille halkanii fi guyyaa, bara baraa haga bara baraa farran. \s1 Muraa Muumme'ee \p \v 11 Achiin duuba barcumaa mootumma'aa adi'ii fi ka isa irra te'eeru dhagge. Ol-gubba'aa fi latti isa duraa baqatane; addeelle isaaniif hin dhagganne. \v 12 Worri du'e diqqa'aa fi guddaan, barcumaa mootumma'aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru'uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du'etti akkuma hujii isaaniititti murame. \v 13 Abbaayaan guddoolle worra du'e ka isii keessa jiru kennite; du'aa fi addeen worri du'e jiru\f + \fr 20:13\fr*\fqa Addeen worri du'e jiru: \fqa*\ft Mootummaan du'aa yookiin qileen yookiin si'ool\ft*\f* worra du'ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame. \v 14 Achiin duuba du'aa fi addeen worri du'e jiru abbaayaa ibiddaatitti qolaanfamane; abbaayaan ibiddaa sun du'a lammeesso'oo ti. \v 15 Nami maqaan isaa kitaaba jiru'uu keessatti bareeffamee hin dhaggamin marti abbaayaa ibiddaatitti qolaanfame. \c 21 \s1 Ol-gubbaa Haareyaa Fi Lafa Haareya \p \v 1 Achiin duuba ol-gubbaa haareyaa fi lafa haareya dhagge; ol-gubbaan duriitii fi latti durii dabaraneeran, abbaayaan guddoolle deebitee hin jiraattu.\x - \xo 21:1 \xo*\xt 2 Phex. 3:13\xt*\x* \v 2 Qachaan woyyichi, Yerusaalemiin haaretti, akka waajibittii dhirsa ifiitiif ifi seefattee, qophoottee ol-gubbaa irraa Waaqa biraa gadi buutuun dhagge. \v 3 Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage'e; isiin barcumaa mootumma'aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba'aa jira; kolbaa wolille'een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te'an. Waaqinuu isaan woliin le'a; Waaqa isaaniille te'a. \v 4 Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe. \p \v 5 Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, «Kunoo, ani waan mara haareya godha!» jedhe; itti dabaleelle, «Jechi kun addatama'aa fi dhugaa waan te'eef barreessi» naan jedhe. \v 6 Akkasuma, «Muummotte! Alfa'aa fi Omeegaan, jalqabaa fi muummeen ana; ka dheeboteef madda bisaan jiru'uu irraa toluma kenna. \v 7 Ka injifatu, kana duudii hin dhaala; anille Waaqa isaaf te'a, innille ilma naaf te'e. \v 8 Qoodi worra yara'aa, worra hin dhugeeffannee, worra battiyye'ee, worra nama ijjeesuu, worra sagaagaluu, worra xanuu, worra waaqa dharaa waaqonfatuutii fi worra dharaameyyi'ii ammoo, abbaayaa dhakaa bobe'uutii fi ibiddaatitti qolaanfamuu hin te'a. Kun du'a lammeesso'oo ti» naan jedhe. \s1 Yerusaalemii Haareya \p \v 9 Ergantoota Waaqaa torba, ta qorii torba ta balaa muumme'ee torbaan guutanteertu harkatti qabataneeranu keessaa tokkochi dhufee, «Koy; haadha manaa ta Hoolichaa, waajibittii sitti mudhisa» naan jedhe. \v 10 Ayyaanalle'een gara gaara gudda'aa fi dheera'aa tokko na geessee, qachaan woyyichi Yerusaalem, ol-gubbaa keessaa Waaqa biraa gadi bu'uun natti mudhise. \v 11 Qachaan sun ulfinna Waaqaatiin ifiisatti jiraayyu; calalaqi isaalle akka dhakaa gatii guddo'oo, akka Yaasphisii, qulqulluu akka cabbi'ii ti. \v 12 Dalleya dhaka'aa gudda'aa fi dheeraa, ka karra kudhanii lama qabu qaba; karroota san irra ergantooti Waaqaa kudhanii lama dhaabbatanee eegiisatti jiran; maqaan gosa Israa'elii ka kudhanii lamaaniituu irratti barreeffameera. \v 13 Karaa aduun baatuun karra sad, karaa oliitiin karra sad, karaa gadiitiin karra sad, karaa aduun seentuun karra saditti jira. \v 14 Dalleenni dhaka'aa ka qachaa sanii hundee kudhanii lama qaba; isaan san irralle'etti, maqaan ergantoota Hoolichaa ka kudhanii lamaaniituu barreeffameera. \p \v 15 Ergamaan Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiru sun mikii\f + \fr 21:15\fr*\fqa Mikii: \fqa*\ft Ulee ittiin safaranu\ft*\f* ulee worqi'ii ta ittiin qachaa, karrootaa fi dalleya dhaka'aa miku qabaayyu. \v 16 Dheerinnii fi badhinni qachaa sanii haguma tokko te'ee, maddii arfaniinuu wol qixxe'e; ergamaan Waaqaa qachaa san ulee ittiin mikanuun mikee, dheerinni isaa staadiyaa\f + \fr 21:16\fr*\fqa Staadiyaa: \fqa*\ft Staadiyaan waan dheerinna woyii beekiisaaf itti fayyadamanu; staadiyaan kum kudhanii lama kiiloomeetira kuma lamaa fi dhibba lama te'a\ft*\f* kuma kudhanii lama te'e; badhinnaa fi ol dheerinni isaalle haguma san te'e. \v 17 Ergamaan Waaqaa dalleya dhaka'aa san mike; yennaa ergamaan Waaqaa mike, waan ittiin mikanu ka beekkameen ciqilee dhibba tokkoo fi afurtamii afur te'e. \v 18 Dalleenni dhaka'aa sun dhakaa Yaasphisiitiin hujameera; qachaan sunille worqii qulloontee akka daaw'iti'ii ca'a jetteen hujameera. \v 19 Hundeen dalleya qacha'aa dhakaa gatii guddo'oo ka adda addaatiin seefameera. Dhakaan gatii guddo'oo ka hundeen irra dhaabbate sunille: ka qaraa Yaasphis, ka lammeesso'oo Safiiros, ka sadeesso'oo Kaalqedon, ka arfeesso'oo Simaaragidos, \v 20 ka shaneesso'oo sardoniikis, ka jayeesso'oo saardiyon, ka torbeesso'oo kirisoliixos, ka saddeetesso'oo beerilos, ka sagaleesso'oo tophaaziyon, ka kudhaneesso'oo kirisophiraasos, ka kudha tokkeesso'oo Hiiyaakinxos, ka kudha lammeesso'oo ametiisxos. \v 21 Karri kudha lamaanuu dooqa kudha lama qaddi; karri sunille tokko tokkonuu dooqa irraa hujameera; karaan qachaa sanii worqii qulqulluu akka daaw'itii ifa ifi keessa dabarsituutiin hujameera. \v 22 Waaqi Goottaan waan mara dande'uu fi Hoolichi Galma Waaqaa ka qachaa sanii waan te'aneef, qachaa san keessatti Galma Waaqaa ani hin dhaggine. \v 23 Ulfinni Waaqaa, qachaa saniif ifa waan kennuu fi Hoolichille ifa isaa waan te'eef, qachaa saniif aduun yookiin jiin akka issuuf hin barbaachisu. \v 24 Gosi biyya adda addaa ifa qachaa sanii keessa deddeeman; moototi lafaalle karra ifii ta ulfinnaa gara qachaa sanii fidan. \v 25 Halkan achi waan hin jirreef, karri qachaa sanii guyyaa tokkolle hin cufantu. \v 26 Ulfinnii fi guddinni gosa biyya adda addaa gara qachaa kanaa galan. \v 27 Worra kitaaba jiru'uu, ka Hoolichaa keessatti barreeffame malee, worri battii hujuu fi worri dhara dubbatu duudiin itti hin galu. \c 22 \s1 Laga Jiru'uu \p \v 1 Achiin duuba ergamaan Waaqaa laga bisaan jiru'uu, ka akka cabbi'ii calalaqu, barcumaa mootummaa Waaqaatii fi Hoolichaa irraa yaa'uun natti mudhise. \v 2 Lagi sunille hodhicha guddicha qachaa sanii wodhakkaa lola'iisatti jiraayyu. Laga san gamaa fi gamana muki jiru'uu jira; muki kun wogga'atti yennaa kudha lama waan midhaan buusuuf, ji'uma ji'aan midhaan irraa dhaggama. Baalli muka kanaalle ka gosi biyya adda addaa ittiin fayyitu. \v 3 Haganaa achi wonni Waaqaan abaaramu tokkolle achitti hin dhaggamu. Barcumaan Waaqaatii fi Hoolichaa qachaa san keessa jiraata; tajaajiltooti isaalle isa waaqonfatan. \v 4 Isaan fuula isaa hin dhaggan, maqaan isaalle adda isaanii irratti hin jiraata. \v 5 Haganaa achi halkan hin jiraatu; Waaqi Goottaan ifa isaanii waan te'uuf, ifi issa'aa, yookiin ifi adu'uu isaaniif hin barbaachisu. Isaan bara baraa haga bara baraatitti hin mowan. \s1 Deebi'ee Dhufiisa Yesuusii \p \v 6 Ergamaan Waaqaalle, «Jechooti kun ka addatamanee fi dhugaammeyyi'i. Waaqi Goottaan Ayyaanota raagotaaf kennu, waan dhiko'otti te'u, tajaajiltoota ifiititti mudhisiisaaf, ergamaa ifii ergeera» anaan jedhe. \p \v 7 Yesuusille, «Kunoo, ani dafee hin dhufa; nami jecha raagaa, ka kitaaba kanaa eeggatu, ka badhaadhe» jedhe. \p \v 8 Ka waan kana dhage'ee fi dhagge, ana Yohaannis. Yennaa waan kana dhaggee fi dhage'e, ergamaa Waaqaa ka waan kana natti mudhiseef sagadiisaaf, miila isaatitti gadi jige. \v 9 Inni ammoo, «Lakkii! Waan akkasii godhuu hin qaddu! Ani si'ii fi obboleeyyan teeti raagotaa fi worra jecha Kitaaba kanaa eeggatu maraa woliin tajaajila'a; Waaqaaf sagadi» naan jedhe. \p \v 10 Itti dabaleelle, «Yennaan waan geetteertuuf, jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa chaappa'aan hin cufin. \v 11 Ka hantuu huju, ittuma hujuu ti; battichille ittuma battowuu ti; balchaalle ittuma balchoomuu ti; woyyichille ittuma woyyoomuu ti» jedhe. \p \v 12 «Kunoo, ani dafee hin dhufa! Nama tokko tokkoofuu gatii akkuma hujii isaatitti kennulle qabadheera. \v 13 Alfa'aa fi Omeegaan, ka duraatii fi ka duubaa, ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ana.» \p \v 14 Muka jiru'uu irraa midhaan nyaatiisaa fi karaa karraatiin gara qachaa sanii seeniisaaf, akka haqa\f + \fr 22:14\fr*\fqa Haqa: \fqa*\ft Midda, mirga\ft*\f* qabaatu, worri woyaa ifii dhiqatu ka badhaadhe. \v 15 Worri sareeleen, worri xanu, sagaagaltooti, worri nama ijjeesu, worri waaqa dharaa waaqonsu, worri dhara jaalatuu fi sobu mara ammoo alatti hafa. \p \v 16 «Akka dhugaa baya tana isiniif kennuuf, ani Yesuus ergamaa kiyya wolde'oota kiristaanaatiif ergeera; ani hiddaa fi sanyii Daawitii ti; ani bakkalcha bari'ii ifaalessa.» \p \v 17 Ayyaanaa fi waajibittiin, «Koy» jedhan; ka dhage'ulle, «Koy» jedhuu ti; ka dheebote mara dhufuu ti; ka barbaadulle mara bisaan jiru'uu toluma fudhatuu ti. \p \v 18 Ani nama jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa dhage'u mara ifi eeggachiisa; eennulle jecha kana irratti waan tokkolle yoo ede'e, Waaqi balaa Kitaaba kana keessatti barreeffame isatti ede'a; \v 19 eennulle jecha raagaa ka Kitaaba kana keessatti bareeffame keessaa waan tokkolle yoo dhidhise, Waaqille muka jiru'uutii fi qachaa woyyicha kitaaba kana keessatti barreeffamane keessaa qooda isaa dhidhisa. \p \v 20 Ka waan kana dhugaa bawu, «Ee, dafee hin dhufa» jedha. \p Ameen! Goottaa Yesuus, koy. \p \v 21 Badhaadhi Goottaa Yesuusii, kolbaa Waaqaa woliin jiraatu. Ameen!