\id PSA - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Faaru'uu \toc1 Kitaaba Faaru'uu \toc2 Kitaaba Faaru'uu \toc3 Far. \mt1 Kitaaba Faaru'uu \imt Seensa \ip Kitaab faaru'uu Kitaaba Woyyicha keessatti kitaaba mara caalaa dheerata. Faaruun tun nama tokkoon yookiin nama heddu'uun faarfanti yookiin dubbifanti. Kitaaba kana keessa faaruu dhibba tokkoo fi shantamatti jira. Hedduu isaanii ka barreesse mooticha Daawiti. Faaruun tun bara dheeraa keessatti wolitti qabantee, sirna waaqonfannaa kolbaa Israa'eliitiif teete. Faaruun tokko tokko meya faaru'uu ka attamiitii fi yoyyoma attamii hordofiisa akka malte sooressa faarfattootaa akeekan. Fakkeennaaf faaruun arfeesso'ootii fi faaruun afurtamii shaneesso'oo kana ilaala. Leellisi, galati, dhugeeffannaan, addiin, araara gaafatiisi, addatamummaan Waaqaatii fi qarqaarsi isaa, yaadi gugurdaan Kitaaba Woyyichaa kun faaruu keessatti mudhifamaneeran. \ip Handhurti yaada faaruu tanaa Waaqatti addatiisa. Barreessitooti faaruu tanaa Waaqa galateeffatiisaan yookiin rakkoo ifii himiisaan fedhii ifii ta dhuga'aa dhikeessan. \ip Israa'elii durii keessatti faaruu tana haala adda addaa keessatti itti fayyadamaa turane. Haalli kunille: 1. Waaqa galateeffatiisaaf, faaruu 105:2. Gadda mudhisiisaaf, faaruu 13; 3. Barsiisiisaaf, Faaruu 1; 4. Moototi Israa'elii akka haqa muranu daadimatiisaaf, faaruu 72:5. Waaqi dada mara irratti baallii inni qabu himiisaaf, faaruu 47:6. Yerusaalemiif jaalala mudhisiisaaf, faaruu 122:7. Guyyaa jilaatiif, faaruu 126. \ip Faaruun hedduun kaayoo tokko caalaa qabaatiisa dande'an. Goottaan keenna Yesuus Kiristoos lallabaa fi barsiisa ifii keessatti faaruu tana keessaa yennaa hedduu itti fayyadameera. Barreessitooti Gondooroo Haareyaalle itti deddeebi'anee faaruu tana keessaa fuudhanee barreessaneeran. Wolde'i Kiristaanaa ka jalqabaa Waaqa waaqonfatiisaaf, karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan dansaa Waaqi godheef, faaruu tanatti fayyadamaneeran. Fakkeennaaf kitaaba faaru'uu keessaa 118:22 Gondooroo Haareya keessatti yennaa jaa barreeffameera. \ipi Kitaab faaru'uu kutaa shanitti qoodama; kutaa qaraatii fi lammeesso'oo irra caalaa mooticha Daawititti barreesse: Kutaa sadeesso'oo Asaaf yookiin ijoollee Qoraahiititti barreesse: \ipi Faaruun 120—134 faaruu guyyaa jilaa ti: Kutaan faaru'uu shanan: \iot Haadhoo Dubbi'ii \io2 Faaruu \ior 1—41 \ior* \io2 Faaruu \ior 42—72\ior* \io2 Faaruu \ior 73—89\ior* \io2 Faaruu \ior 90—106\ior* \io2 Faaruu \ior 107—150\ior* \c 1 \ms Kitaaba tokkeesso'oo \mr (Far. 1—41) \s1 Karaa Lama \q1 \v 1 Nami gorsa hamaaleyyi'iitiin hin ideenne, \q2 ka karaa cubbaaleyyi'ii hin hordonne, \q2 ka worra busheeshu woliin tokkummaa hin qanne, \q2 ka gammade. \q1 \v 2 Nami akkasii ammoo \q2 seera Mootii Waan Maraatiin gammada; \q2 halkanii fi guyyaa seeruma isaa yaadata. \q1 \v 3 Inni akka muka laga qarqaratti dhaabamee, \q2 yennaa yenna'aan midhaan buusuu, \q2 ka baalli isaa hin qoorree ti. \q2 Wonni inni huju marti isaaf hin teeti. \b \q1 \v 4 Hamaaleyyiin ammoo akkasii moti; \q2 isaan akka hicaacee qilleensi haxowee deemuu ti. \q1 \v 5 Tanaaf, hamaaleyyiin muraa jalaa hin bayanu; \q2 cubbaalleyyiille yaa'ii balchootaa keessatti \q2 hin dhaggamanu. \q1 \v 6 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa \q2 karaa balchootaa hin beeka; \q2 karaan hamaaleyyi'ii ammoo hin bada. \c 2 \s1 Mootii Waaqi Filate \q1 \v 1 Gosi biyya adda addaa maaf finqilti? \q2 Kolbaan maaf mala bu'aa hin qanne dhootti? \q1 \v 2 Mootii Waan Maraatii fi ka inni muude mormiisaaf, \q2 moototi lafaa hin kakka'an; \q2 bulchitootille isaan woliin mala isaanitti dhootti. \q1 \v 3 Isaan, «Kowa'a, wodaroo sibiilaa ta isaanii \q2 ifi irraa kunnuu ti! \q2 Wodaroo isaaniille ifi irraa gannuu ti» jedhan. \q1 \v 4 Ka ol-gubbaa jiru hin kolla; Mootiin Waan Maraa \q2 isaanitti hin murga. \q1 \v 5 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa \q2 aari'iin isaan hin xixa. \q2 Mufii ifiitiin isaan hin bararassa. \q1 \v 6 Inni, «Ani gaara kiyya woyyicha Xiyoon irratti \q2 mootii kiyya muudeera» jedha. \q1 \v 7 Mootichi, «Ani lassii Mootii Waan Maraa hin lassa; \q2 inni anaan, ‹Ati ilma kiyya; ani adha si uumadhe. \q1 \v 8 Na gaafadhu; gosa biyya adda addaa mara sii kenna; \q2 kolbaan biyya lafaa marti qabeenna keeti hin teeti. \q1 \v 9 Ati ulee bokku'uu ta sibiilaatiin isaan hin bulchita. \q2 Akka okkote'ee isaan hin butuchita› jedhe» jedha. \b \q1 \v 10 Tanaaf, isin mootoleen qalbeeffadha'a; \q2 isin bulchitooti biyya lafaa ifi eeggadha'a. \q1 \v 11 Sodaa guddo'oon Mootii Waan Maraa tajaajila'a. \q2 Rommiisaan isaaf ajajama'a. \q1 \v 12 Mufiin isaa ariiti'iin waan dhuttuuf, \q2 isinitti mufatee akka isin hin balleessine, \q2 qulqullumma'aan waaqonfadha'a. \q1 Worri gara isaa baqatu \q2 ka gammade. \c 3 \s1 Daadimata Ganamaa \s2 Faaruu Daawiti yennaa ilma ifii Abiishaalom duraa baqate faarse. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 diinoti kiyya attam attam bacatan! \q2 Kolbaan hedduun na irratti kaateerti. \q1 \v 2 Worri hedduun, \q2 «Waaqi isa hin baasu» anaan jedhan. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati ammoo adaala kiyyatti wontee tiyya; \q2 ati ulfinna kiyya; ka mataa kiyyalle ol ol qabu si'i. \q1 \v 4 Ani qoonqoo ol qabadhee \q2 gara Mootii Waan Maraa hin iyya; \q2 innille gaara woyyicha ifii irraa naa hin dhage'a. \b \q1 \v 5 Ani irkadhee hin rafa; Mootiin Waan Maraa \q2 waan na eeguuf, \q2 deebi'ee hin dammaqa. \q1 \v 6 Ani loltoota kuma hedduu \q2 ka na marsaneeranu \q2 hin sodaadhu. \q1 \v 7 Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! \q2 Waaqa kiyya, koyii na baasi! \q1 Boqoo diinota kiyyaa dhowi; \q2 ilkaan isaaniille caccassi. \q1 \v 8 Qarqaarsi Mootii Waan Maraa biraa dhufa. \q2 Ee Mootii Waan Maraa, eebbi keeti \q2 kolbaa teeti irra jiraatuu ti. \c 4 \s1 Daadimata Waaqatti Addatiisaan Dhikaatu \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante. \q1 \v 1 Ee Waaqa balchaa kiyya, \q2 yennaa ani si waamu naaf owwaadhu. \q1 Yennaa ani rakkoo keessa jiru \q2 ati ammoo bilisa na baacha. \q2 Ammalle naa mararii daadimata kiyya dhage'i. \q1 \v 2 Ee Kolba'a, isin haga yoomii ulfinna kiyya salphittan? \q2 Haga yoomii waan bu'aa hin qanne jaalattan? \q2 Haga yoomii dhara barbaaddan? \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa worra isaaf addatamaa te'e \q2 akka filate beeka'a; \q2 yennaa ani isa waammadhu naaf hin dhage'a. \q1 \v 4 Isin yennaa aartanulle cubbuu hin hujina'a; \q2 isin yennaa taqee teessan irra jirtanu, \q2 cadhisa'aatii qalbii teessan keessatti itti yaadadha'a. \q1 \v 5 Ciincaa sirrii te'e dhikeessa'aatii, \q2 Mootii Waan Maraatitti addadha'a. \b \q1 \v 6 Namooti, «Waan dansaa eentu nutti mudhisa?» jedhanee gaafatanu heddu'u; \q2 ee Mootii Waan Maraa, ifi fuula keetii nu irratti ifuu ti. \q1 \v 7 Gammada worri dhibiin \q2 midhaanii fi woynii ifii irraa dhaggatu caalaa, \q2 ati na gammachiitteerta. \q1 \v 8 Mootii Waan Maraa, ka nageyaan na eegu, \q2 si qofa waan te'eef, \q2 ani yennaa irkadhu, nageyaan rafa. \c 5 \s1 Daadimata Diina Jalaa Bayiisaaf dhikaate \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta suusulle'een faarfatante. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, dubbii tiyya caqasi; \q2 aadiisa kiyyalle dhage'i. \q1 \v 2 Mootii kiyya, Waaqa kiyya, \q2 ani waan si daadimadhuuf, \q2 iyya tiyya naa dhage'i. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ganama qoonqoo tiyya hin dhageetta; \q2 ganama mara si daadimadhee \q2 deebii si irraa eegadha. \q1 \v 4 Ati Waaqa hammeennatti gammaduu moti; \q2 hammeennille si woliin hin le'u. \q1 \v 5 Koorameeyyiin si dura hin dhaabbattu; \q2 worra hantuu huju mara hin jibbita. \q1 \v 6 Ati dharaameyyii mara hin balleessita; \q2 worra nama ijjeesuu fi nama sobu hin jibbita. \q1 \v 7 Ani ammoo jaalala keeti ka bara baraatiin \q2 gara mana keetii seena; \q2 si sodaatiisalle'een \q2 gara Dunkaanii Woyyittii teetii garagalee \q2 hin sagada. \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 diinota bacaa waan qabuuf, \q2 balchummaa teetiin na sooressi; \q2 karaa keeti naaf qajeelchi. \q1 \v 9 Diinoti kiyya dhugaa hin dubbatanu; \q2 gadhaan isaanii badi'iin guutameera. \q1 Afaan isaanii akka boolla awwaalaa ta banantee ti; \q2 arraba ifiitiin maltee dubbatan. \q1 \v 10 Ee Waaqa, yakkaa isaanii isaanitti muri; \q2 malli isaaniituu badii isaanitti fiduu ti. \q1 Isaan si irratti waan ka'aneef, \q2 sababa cubbuu isaanii heddu'uutiif, \q2 alatti isaan gati. \q1 \v 11 Worri gara keeti baqatu marti ammoo \q2 gammaduu ti; \q2 isaan haga bara baraa ilillisanuu ti. \q1 Worri maqaa keeti jaalatu marti si'itti \q2 gammadee akka firinxiixu isaan eegi. \q1 \v 12 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati balchoota hin eebbitta; \q2 fedhii teeti dansa'aan \q2 akka wonte'ee isaan marsi. \c 6 \s1 Daadimata Yennaa Rakkinnaa \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin; \q2 yookiin mufi'iin na hin adabin. \q1 \v 2 Ee Mootii Waan Maraa, ani dadhabaa waan te'eef, \q2 naaf marari; \q1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 lafeen tiyya soda'aan waan na sheephitteef \q2 na fayyisi. \q1 \v 3 Lubbuun tiyya guddoo na raafanteerti. \q2 Ee Mootii Waan Maraa, na qarqaariisaaf, \q2 ati haga yoomii turta? \q1 \v 4 Ee Mootii Waan Maraa, deebi'ii na baasi; \q2 jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na hamburi. \q1 \v 5 Nami du'ee si qaabatu hin jiru; \q2 boolla awwaalaa keessaa ka si leellisu eennu? \q1 \v 6 Ani aadiisaan dadhabeera; \q2 halkan mara bowaan taqee tiyya maxanqeessee, \q2 imimmaaniin boraatii tiyya tortorse. \q1 \v 7 Akka malee waan gaddeef \q2 ilti tiyya dhagguu dadhaddeerti; \q2 sababa diinota kiyya maraatiif \q2 ilti tiyya caararrootteerti. \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa bowa tiyya waan dhage'eef, \q2 isin worri hamaaleyyiin marti na irraa fagaadha'a. \q1 \v 9 Mootiin Waan Maraa iyya tiyya dhage'eera; \q2 inni daadimata kiyyaaf deebii hin kenna. \q1 \v 10 Diinoti kiyya marti hin qaanowan; \q2 guddoo hin sodaatanille'e; \q2 dedhuma salphatanee, gara duubaa hin deebi'an. \c 7 \s1 Daadimata Marroo Muraa Haqaa \s2 Faaruu Daawitii ta gaddaa, ta inni marroo Kuushii gosa Beniyaaminiitiif, gara Mootii Waan Maraa faarse. \p \v 1 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani gara keeti baqadha; \q2 worra na ari'u jalaa na hamburii, na baasi! \q1 \v 2 Yoo akkas hin te'in, addee nami na irraa buusu \q2 hin jirretti na geessanee \q2 akka neenqaa gargar na kukkutan. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, \q2 ani nama tokko yoo yakkee jiraadhe, \q2 harka kiyyaan dokonkora yoo hujee jiraadhe, \q2 \v 4 nama nageyaan na woliin le'u hantuu godhee, \q2 yookiin diina kiyya sababa malee yoo saamee jiraadhe, \q2 \v 5 diinni kiyya ari'ee na qabuu ti; \q2 lafa irratti na irra sirbee, \q2 ulfinna kiyya bukuu keessatti lakkisuu ti. \q1 \v 6 Ee Mootii Waan Maraa, aarii teetiin ka'i; \q2 worra mufi'iin na irratti ka'e irratti ka'i; \q2 naa dammaqii, muraa haqaa ajaji. \q1 \v 7 Kolbaan biyya adda addaa \q2 adaala keetitti wolitti qabamanuu ti. \q2 Atille ol-gubbaa irraa isaan bulchi. \q1 \v 8 Mootii Waan Maraa, \q2 kolbaa biyya adda addaa irratti muraa kenni; \q2 akka balchumma'aa fi dhugaammessummaa tiyyaatitti \q2 muraa naaf kenni. \q1 \v 9 Ee Waaqa balcha'a, \q2 ka qalbi'ii fi gadhaa nama qorqortu, \q2 hammeenna worra hamaaleyyi'ii balleessi; \q2 worra balchoolee jabeessii dhaabi. \q1 \v 10 Waaqi wontee tiyya; \q2 inni worra gadhaa qajeela'aa hin fayyisa. \q1 \v 11 Waaqi abbaa mura'aa balcha'a; \q2 Waaqi yennaa mara nama hama'atti hin aara. \q1 \v 12 Nami hamaan hammeenna ifii irraa yoo hin deebi'in, \q2 Waaqi shallaagaa ifii hin qarata; \q2 guubee ifii hujee, qopheeffata. \q1 \v 13 Inni meya woraanaa ka ijjeesuu fi \q2 daaya ifii ka akka ibiddaa bobe'u hin qopheeffata. \q1 \v 14 Kolbaan hantuun hammeenna yaaddi; \q2 daba karoorfattee, \q2 dhara dubbatti. \q1 \v 15 Nami boolla namaaf qotu, \q2 ifumaafuu keessa bu'a. \q1 \v 16 Hammeenni inni yaadate mataa isaatitti garagala; \q2 wonni inni hunnaan nama irratti huje \q2 matuma isaatitti deebiti. \q1 \v 17 Sababa balchummaa isaatiif, \q2 ani Mootii Waan Maraa hin galateessa; \q2 maqaa Mootii Waan Maraa Ol Aana'aatiif \q2 faaruu leellisaa hin faarsa. \c 8 \s1 Guddinna Waaqaatii Fi Ulfinna Namaa \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta suusulle'een faarfatante. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa keenna! \q2 Maqaan keeti lafa maratti attam attam gudda'a! \q2 Ulfinna keeti ol-gubbaa irratti diriirsiteerta. \q1 \v 2 Diinota keeti loliisaaf, \q2 nyaaphotaa fi worra haluu bayu cadhi godhiisaaf, \q2 afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan harma hootuutiin, \q2 hunna qopheessite. \q1 \v 3 Ani ol-gubbaa ati dadde, \q2 hujii harka keetii, \q2 ji'aa fi urjoota ati dadde \q2 yennaa ilaalu, \q2 \v 4 akka ati isaaf yaadattuuf, \q2 nami maan inni? \q2 Akka ati isa kunuunsituuf, \q2 ilmi namaa maan inni? \q1 \v 5 Ati diqquma Waaqa\f + \fr 8:5 \fr*\fqa Diqquma Waaqa isa hanqitte: \fqa*\ft Hiikkaan afaan Giriikii \ft*\ft Ergantoota Waaqaa isa hanqitte \ft*\ft jedha.\ft*\f* isa hanqittee, \q2 kallacha guddinnaa fi ulfinnaa itti keette. \q1 \v 6 Hujii harka keetii mara irratti bulchaa isa gootee, \q2 waan mara baallii ilma namaatiin jala goote. \q1 \v 7 Hoole'ee fi loon mara, \q2 bineensota, \q2 \v 8 sinbirrootaa fi qurxummii mara, \q2 dada abbaayaa keessaa mara \q2 baallii ilma namaatiin jala goote. \q1 \v 9 Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa keenna! \q2 Maqaan keeti lafa maratti attam attam gudda'a! \c 9 \s1 Waaqa Muraa Haqaa Muruuf Galata Dhikaate \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka yoyyoma faaruu, «Du'a ilmaa» jedhantee beekkantutti faarfatante. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si leellisa; \q2 baasa ati goote mara hin odeessa. \q1 \v 2 Ani sitti gammadee hin burraaqa; \q2 Waaqa Ol Aana'a, \q2 ani faaruu leellisaa maqaa keetiif hin faarsa. \b \q1 \v 3 Diinoti kiyya gara duubaa yennaa deebi'anu, \q2 isaan gufatanee fuula keeti duraa badan. \q1 \v 4 Ati haqa kiyyaa fi haajaa kiyya waan ilaalteef, \q2 barcumaa mootumma'aa keeti irra teettee, \q2 muraa haqaa murteerta. \b \q1 \v 5 Ati gosa biyya adda addaa xixxee, \q2 hamaaleyyii balleessite; \q2 maqaa isaaniille bara baraa haga bara baraa \q2 haxoottee balleessite. \q1 \v 6 Diinoti keenna haga bara baraa dhumataneeran. \q2 Qachooti gugurdaan isaanii badaneeran; \q2 Duufeyi\f + \fr 9:6 \fr*\fqa Duufeyi: \fqa*\ft Maqaa addee yaadannoo hujii jannummaa nama tokkoo mudhisiisaaf, meya waan inni tolche san mudhisu itti fannifamee ti.\ft*\f* isaaniille ijjumaa badeera. \b \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 haga bara baraa bulcha; \q2 inni mura'aaf, \q2 barcumaa mootumma'aa ka ifii \q2 jabeessee dhaabbateera. \q1 \v 8 Inni balchumma'aan biyya lafaa hin bulcha; \q2 gosa biyya adda addaa haqaan bulcha. \q1 \v 9 Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef, \q2 addee itti baqatanu; \q2 yennaa rakko'oo dalleya jaba'a. \b \q1 \v 10 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati worra si barbaadu waan hin lakkinneef, \q2 worri maqaa keeti beeku sitti addata. \q1 \v 11 Mootii Waan Maraa ka Xiyoon keessa te'ee bulchuuf, \q2 faaruu leellisaa faarsa'a. \q1 Waan inni godhe mara \q2 gosa biyya adda addaa oddu'utti odeessa'a. \q1 \v 12 Inni dhiiga dhangala'eef haluu hin baya; \q2 iyya worra cunqurfameelle hin dedhu. \b \q1 \v 13 Ee Mootii Waan Maraa, naaf marari. \q2 Rakkoo diinoti kiyya natti fidanu ilaali; \q2 du'a irraa na hamburi. \q1 \v 14 Achiin duuba ani karra qachaa Xiyoonii\f + \fr 9:14 \fr*\fqa Karra qachaa Xiyoonii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa karra intala Xiyoonii \fqa*\ft jedha.\ft*\f* keessatti \q2 waan ittiin si leellisu mara isaanitti hin hima. \q1 Ati waan na fayyitteef, \q2 gammadaan firinxiixa. \q1 \v 15 Gosi biyya adda addaa \q2 boolluma ifii qotane bu'ane; \q2 miilli isaanii tiyyuma isaan afaneen qabame. \q1 \v 16 Mootiin Waan Maraa, \q2 muraa ifii balchitti'iin ifi beessise; \q2 hamaaleyyiin hujuma harka ifiitiin qabamane. \b \q1 \v 17 Worri hamaaleyyi'ii fi \q2 gosi biyya adda addaa ka Waaqa dedhu marti, \q2 gara addee worri du'e jiruu gad hin bu'an. \q1 \v 18 Worri rakkataan ammoo \q2 yoomille hin dedhamanu; \q2 addiin worra hiyyeeyyi'iille \q2 haga bara baraa baddee hin hattu. \q1 \v 19 Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! \q2 Nami hin mootomin; \q2 gosi biyya adda addaa \q2 si duratti muraa dhaggattuu ti. \q1 \v 20 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 akka isaan si sodaatanu godhi; \q2 nama foon uffate te'uu isaanii akka beekanu godhi. \c 10 \s1 Muraa Haqaa dhaggatiisaaf Daadimata Dhikaate \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati maaf fagaattee dhaabbatta? \q2 Yennaa nuuti rakkannu maaf ifi dhoffatta? \q1 \v 2 Hamaaleyyiin kooraan worra hiyyeeyyii ari'an; \q2 maluma namatti dhowane saniin \q2 ifumaaf qabaman. \q1 \v 3 Nami hamaan halchaa gadhaa ifiitiin koora; \q2 inni worra joljolu eebbisee, \q2 Mootii Waan Maraa abaara. \q1 \v 4 Nami hamaan waan kooruuf \q2 Waaqa hin barbaadu; \q2 yaada isaa keessa Waaqi hin jiru. \q1 \v 5 Wonni marti isaaf hin teeti. \q2 Inni muraa Waaqaa hubatuu hin dande'u; \q2 diinota ifii mara irratti hin murga. \q1 \v 6 Inni gadhaa ifii keessatti, \q2 «Wonni na tachoosu hin jiru; \q2 dhaloota mara keessatti \q2 rakkinni na hin dhaqqabu» jedhee yaadata. \q1 \v 7 Afaan isaa abaarsaan, \q2 dharaa fi sodaachisiisaan guutameera; \q2 inni arraba ifiitiin \q2 maltumma'aa fi waan hantuu dubbata. \q1 \v 8 Inni ollaa cina'atti riphee, \q2 worra qarqaarsa hin qanne gaada; \q2 worra yakkaa hin qanne hin ijjeesa. \q1 \v 9 Inni akka neenqaa dhokatee gaada; \q2 worra hiyyeeyyii qabiisaaf gaada; \q2 inni tiyyoo ifiitiin \q2 worra qarqaarsa hin qanne qabee harkisa. \b \q1 \v 10 Worri hiyyeeyyiin jiganee bututan; \q2 hunna isaa jalatti hin jigan. \q1 \v 11 Nami hamaan gadhaa ifii keessatti, \q2 «Waaqi dedheera; \q2 fuula ifii gollateera; \q2 inni ijjumaa hin dhaggu» jedha. \q1 \v 12 Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! \q2 Ee Waaqa hunna teeti mudhisi! \q2 Worra qarqaarsa hin qanne hin dedhin. \q1 \v 13 Nami hamaan maaf Waaqa tuffata? \q2 Maaf gadhaa ifii keessatti, \q2 «Inni na hin adabu» jedha ree? \q1 \v 14 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati ammoo hin dhaggitta; \q2 rakkinnaa fi gadda dhaggitee \q2 yennaa mara qarqaarsaaf hin qophootta. \q1 Worri rakkataan harka keetitti ifi kennata; \q2 atille ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne \q2 hin qarqaarta. \q1 \v 15 Hunna nama hama'aa cassi; \q2 nami waan hantuu huju \q2 haganaa achi deebi'ee \q2 waan hantuu akka hin hunye, isa adabi. \q1 \v 16 Mootiin Waan Maraa \q2 bara baraa haga bara baraa mooti'i; \q2 gosi biyya adda addaa \q2 worri waaqota dhibii waaqonsu \q2 lafa isaa irraa hin badan. \q1 \v 17 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati daadimata worra gad aana'aa hin dhageetta; \q2 ati iyya isaanii caqattee, \q2 isaan hin jajjabeessita. \q1 \v 18 Nami lafaa ka foon uffate \q2 worra dhibii akka hin bararassine, \q2 worra cunqurfameef, \q2 ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef haqa hin murta. \c 11 \s1 Waaqatti Addatiisa \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ani gara Mootii Waan Maraa baqadheera. \q2 Isin attam anaan, \q2 «Akka simbirre'ee \q2 gara gaara keetii baqadhu!» jettan? \q1 \v 2 Worri hamaaleyyiin guubee qopheeffateera; \q2 dukkanaan worra addatama'atti darbatiisaaf, \q2 daaya ifii itti qajeelfateera. \q1 \v 3 Hundeen waan dansa'aa marti yoo badde, \q2 nami balchaan maan godhuu dande'a ree? \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa \q2 Dunkaanii Woyyittii ifii keessa jira; \q2 ol-gubba'atti barcumaa mootumma'aa ka ifii qaba. \q1 Inni ilmaan namaa ilaala; \q2 ilti isaalle isaan qorqorti. \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa balchoota haga hin ilaala; \q2 hamaaleyyi'ii fi \q2 worra hunnaan nama irratti ka'u ammoo hin jibba. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa hamaaleyyii irratti \q2 kashila ibiddaatii fi dhakaa bobe'u hin roobisiisa; \q2 qilleensi gubu hiree isaanii hin te'a. \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa balchaa waan te'eef, \q2 inni hujii balchootaa hin jaalata; \q2 worri hujii balchaa huju fuula isaa hin dhagga. \c 12 \s1 Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 nami Waaqa sodaatu waan hin jirreef, \q2 nu qarqaar; \q2 nami addatamaan \q2 ilmaan namaa oddu'uu dhabameera. \q1 \v 2 Tokko tokkoon isaanii dhara wolitti dubbatan; \q2 Isaan hidhii kookkisaatiin soba dubbatan. \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa \q2 hidhii sossobaatii fi arraba koorameessaa kutuu ti. \q1 \v 4 Isaan, «Nuuti dubbannee \q2 waan feene hin dhagganna; \q2 waan feene hin dubbanna; \q2 ka nu dhoogguu dande'u hin jiru» jedhan. \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa ammoo, \q2 «Worri hiyyeeyyiin waan cunqurfameef, \q2 worri rakkataan waan iyyuuf, \q2 qarqaarsa isaan barbaadanu kenniisaaf \q2 ani hin ka'a» jedha. \q1 \v 6 Dubbiin Mootii Waan Maraa qullu'u; \q2 akka meetii barbada ibiddaatitti baxxee \q2 yennaa torba qulloottee ti. \q1 \v 7 Ee Mootii Waan Maraa, ati isaan hin gollita; \q2 dhaloota hamaa irraa haga bara baraa nu hin eedda. \q1 \v 8 Yennaa wonni hantuun saadantu \q2 nami marti waan hantuu jaalata. \c 13 \s1 Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati haga yoomii na deeta? \q2 Haga bara baraa tii? \q2 Haga yoomii fuula keeti na duraa dhoffatta? \q1 \v 2 Haga yoomii rakkoo ciniinnadhee ossadha? \q2 Haga yoomii gadhaan kiyya \q2 halkanii fi guyyaa gaddaan guutama? \q2 Haga yoomii diinoti kiyya na injifatan? \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 Waaqa kiyya na ilaalii, deebii naa deebisi. \q2 Jabeenna kiyya adde'etti naa deebisi; \q2 akka du'u na hin godhin. \q1 \v 4 Diinoti kiyya, \q2 «Isa injifanne» jedhanee akka kooranu, \q2 nyaapholeen kiyyalle \q2 jinnana kiyyatti akka gammadanu hin godhin. \b \q1 \v 5 Ani ammoo marartii guddoo sanitti addadheera; \q2 gadhaan kiyyalle fayyisiisa keetitti hin gammada. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa \q2 waan dansaa waan naa godheef, \q2 ani isaaf hin faarfadha. \c 14 \s1 Hammeenna Namaa \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Worri gowwooleen, gadhaa ifii keessatti, \q2 «Waaqi hin jiru» jedhan. \q1 Isaan worra bada'a; \q2 waan gadhee hujan; \q2 isaan keessaa ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru. \q1 \v 2 Worri qarooleen Waaqa barbaadu \q2 yoo jiraate dhaggiisaaf, Mootiin Waan Maraa \q2 ol-gubbaa irraa \q2 gara ilmaan namaa gad ilaala. \q1 \v 3 Isaan martinuu ammoo karaa irraa goranee, \q2 martinuu wolumatti worra badaa te'aneeran. \q1 Isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru; \q2 tokkolle hin jiru. \b \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu? \q2 Akkuma nami sagalee nyaatu \q2 worri kolbaa tiyya nyaatu, \q2 isaan gara kiyya hin daadimatanu» jedha. \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa \q2 worra balchoota woliin waan jiruuf, \q2 worri hamaaleyyiin bararaqa guddaa keessa jiran. \q1 \v 6 Isin hamaaleyyiin \q2 karoora worra gad aana'aa hin gufachiittan; \q2 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 isaaniif addee isaan itti baqatanu. \q1 \v 7 Xiyoon keessaa fayyinni kolbaa Israa'eliitiif \q2 adoo dhufee jiraatee! \q1 Yennaa Mootiin Waan Maraa boojuu kolba'aa deebisu, \q2 sanyiin Yaaqoobii hin burraaxxi; \q2 kolbaan Israa'elii hin gammaddi. \c 15 \s1 Waan Waaqi Nama Irraa Barbaadu \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa, \q2 Dunkaanii Woyyittii teeti keessa \q2 eentu jiraatiisa dande'a? \q2 Kooba keeti woyyicha irra \q2 eentu le'uu dande'a? \q1 \v 2 Worra komii hin qannee fi \q2 ka waan balchaa te'e huju, \q2 ka gadhaa ifii keessaa dhugaa dubbatu, \q2 \v 3 ka maqaa namaa hin balleessine, \q2 ka jaalota ifii irratti waan hantuu hin hunye, \q2 ka ollaa ifii hin hamanne. \q1 \v 4 Worra hamoolee ka tuffatu, \q2 worra Mootii Waan Maraa sodaatu ammoo ka ulfeessu. \q1 Ta isa miitu teetelle \q2 waan waadaa gale ka muummessu. \q1 \v 5 Beesee ifii dhala malee ka liqeessu; \q2 worra balleessaa hin qanne miidhiisaaf \q2 safuu ka hin fudhanne. \b \q1 Nami waan kana godhu ijjumaa hin raafamu. \c 16 \s1 Waaqatti Addii Godhatiisaaf Daadimata Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Ee Waaqa, ani sitti waan baqadhuuf, \q2 ati na eegi. \q1 \v 2 Ani Mootii Waan Maraatiin, \q2 «Ati Goottaa kiyya; \q2 si'iin malee ani waan dansaa hin qabu» jedhe. \q1 \v 3 Worri isaaf woyyoomee lafa irra le'u, ka ulfaate; \q2 ani isaanitti gammada. \b \q1 \v 4 Worra waaqota dhibii waaqonfatu \q2 gadda gudda'atti isaan dhaqqaba. \q1 Ani waaqota dharaatiif \q2 ciincaa dhiigaa hin dhikeessu; \q2 afaan kiyyalle'een maqaa isaanii hin dhowu. \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 qoodi lafa tiyyaatii fi hireen tiyya si'i. \q2 Qoodi lafa tiyyaa harka keeti keessa jira. \q1 \v 6 Wodaroon tiyya ta meessaa ittiin mikanu\f + \fr 16:6 \fr*\fqa Ittiin mikanu: \fqa*\fqa Hagam akka dheeratu yookiin badhatu ittiin beekanu \fqa*\f* \q2 addee dansaa irra naaf buute; \q2 dhugumaan ani lafa dansaa qaba. \b \q1 \v 7 Ani Mootii Waan Maraa \q2 ka gorsa naaf kennu hin leellifadha. \q2 Halkan keessalle \q2 wodanaan kiyya ifi na eeggachiisa. \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa \q2 fuula kiyya dura akka naaf jiru, \q2 ani yennaa mara hin beeka. \q1 Inni midda kiyya waan jiruuf, \q2 ani hin raafamu. \q1 \v 9 Tanaaf, gadhaan kiyya hin gammada; \q2 arrabi kiyya hin ilillisa; \q2 nafi kiyyalle sodaa malee hin foorfata. \q1 \v 10 Ati addee worri du'e jirutti \q2 waan na hin lakkinneef, \q2 ati woyyicha keeti akka shamu hin gootu. \q1 \v 11 Ati daandii jiru'uu natti hin mudhitta; \q2 gammadi guutuun fuula keeti dura, \q2 wonni haga bara baraa nama gammachiisu \q2 harka keeti middicha keessa jira. \c 17 \s1 Daadimata Nama Yakkaa Malee Ari'amee \s2 Daadimata Daawitii. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 gaaffii tiyya ta haqaa dhage'i; \q2 iyya tiyya caqasi. \q1 Gurra keeti gara daadimata kiyya \q2 ka soba hin te'inii deebifadhu. \q1 \v 2 Ilti teeti waan sirrii te'e waan dhaggituuf, \q2 muraan tiyya si biraa naa dhuttuu ti. \q1 \v 3 Gadhaa kiyya yoo qorqorte, \q2 halkaniin gara kiyya dhuttee, \q2 yoo haga na ilaalte, \q2 hammeenna na keessatti hin dhaggitu; \q2 afaan kiyyalle cubbuu hin dubbatu. \q1 \v 4 Jecha afaan keeti keessaa bayuuf ajajamee, \q2 waan namooti hujanu irraa, \q2 karaa isaan hunnaan nama irratti ka'anu irralle'ee, \q2 ifi eeggadheera. \q1 \v 5 Ideensi kiyya daandii teeti eegateera; \q2 miilli kiyyalle hin fallaanne. \q1 \v 6 Ee Waaqa, ati waan naa dhageettuuf, \q2 ani si waammadha; \q2 gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii, \q2 jecha kiyya dhage'i. \q1 \v 7 Worra sitti baqatu, \q2 harka keeti middichaan \q2 diinota isaanii jalaa isaan ka baachu, \q2 jaalala keeti ka bara baraa san \q2 baasa godhii isaanitti mudhisi. \q1 \v 8 Akka ila teetii na eegi; \q2 bobaa teetii jalatti na dhossi. \q1 \v 9 Hamaaleyyii hunnaan na irratti ka'ane, \q2 diinota kiyya worra hamaa na marsane irraa na eegi. \q1 \v 10 Isaan gadhaa jabaataneeran; \q2 afaan ifiitiin koora dubbatan. \q1 \v 11 Isaan ari'anee na marsaneeran; \q2 lafatti gad na dhowiisaaf, ilaan na qabataneeran. \q1 \v 12 Isaan akka neenqa waan adanse kukkutatiisa fedhee, \q2 akka neenqa dardaraa ka riphee wo gaaduu ti. \q1 \v 13 Ee Mootii Waan Maraa \q2 ka'iitii, lolii isaan gad dhowi! \q2 Shallaagaa keetiin hamaaleyyii jalaa na baasi. \q1 \v 14 Mootii Waan Maraa, harka keetiin \q2 worra jiruu biyya lafaa tana keessatti \q2 waan barbaadanu mara qabanu \q2 jalaa na baasi. \b \q1 Ati rakkinna isaaniif kuucheen isaan adabi; \q2 rakkinni kun ijoollee isaaniitii fi \q2 ijoollee ijoollee isaaniitiifille akka te'u godhi. \q1 \v 15 Ani balchumma'aan fuula keeti hin ilaala; \q2 ani yennaa dammaqu, \q2 bifa keeti dhaggee hin quufa. \c 18 \s1 Faaruu Injifanno'oo \r (2 Sam. 22:1-51) \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu garbichi Mootii Waan Maraa Daawiti yennaa Mootiin Waan Maraa harka Saa'oliitii fi diinota isaa mara jalaa isa baase Mootii Waan Maraatiif faarfate. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, ati jabeenna kiyya; \q2 ani si jaaladha. \q1 \v 2 Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya, \q2 waan itti golladhu; \q2 ka na baasulle'e. \q1 Waaqi kiyya rassaa kiyya ka ani itti baqadhu; \q2 inni wontee tiyya; \q2 ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu; \q2 inni waan ani itti golladhu. \q1 \v 3 Ani Mootii Waan Maraa leellifamaa \q2 hin waammadha; \q2 innille diinota kiyya jalaa na hin baasa. \q1 \v 4 Wodaroon du'aa natti maratte; \q2 danbaliin badi'ii na bararassite. \q1 \v 5 Wodaroon qilee du'aa na xaxxee, \q2 tiyyoon du'aa na qabatte. \q1 \v 6 Rakkinna kiyya keessatti \q2 ani Mootii Waan Maraa kiyya waammadhe; \q2 akka na qarqaaruuf, \q2 Waaqa kiyyatti iyye. \q1 Inni Dunkaanii Woyyittii ifii keessaa \q2 qoonqoo tiyya dhage'e; \q2 iyya tiyyalle caqase. \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa waan aareef, \q2 latti rommitee tachoote; \q2 hundeen gaarotaalle hargufamanee raafamane. \q1 \v 8 Funnaan isaa keessaa aarri baye; \q2 afaan isaa keessaa ibiddi luxub godhuu fi \q2 kashilli ibiddaa baye. \q1 \v 9 Inni ol-gubbaa dayyaasee gad bu'e; \q2 duumensi gurraachi miila isaa jala jiraayyu. \q1 \v 10 Inni dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irra tee'ee, \q2 koolaan ka'aa, \q2 koola qilleensaa irra tee'ee ariifatee dhufiisatti jira. \q1 \v 11 Inni dukkana gollaa ifii godhatee, \q2 dunkaaniin isaa adaala isaa jirtiiyyu; \q2 duumensi gurraachi bisaaniin guutame, \q2 isa marseera. \q1 \v 12 Calalaqa fuula isaa dura jiru keessaa, \q2 dhakaan bokkeyaatii fi kashilli ibiddaa \q2 duumensa dayyaasanee bayane. \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa mandi'e; \q2 Waaqi Ol Aanaan qoonqoo ifii dhageessise. \q1 \v 14 Inni daaya ifii darbatee diinota ifii bittinneesse; \q2 balaqqeessa balaqqeetti'iitiin \q2 gara itti goranu isaan wollaalchise. \q1 \v 15 Ee Mootii Waan Maraa, xixicha keetiin, \q2 dhowicha hafuura funnaan keetiitiin, \q2 dhooqoti abbaayaa jalaa mudhatane; \q2 hundeen lafaa marti qullaa hafane. \q1 \v 16 Inni gubbaa irraa gad hiixatee, na qabe; \q2 bisaan gugurdaa keessaa harkisee na baase. \q1 \v 17 Isaan akka malee hunnaan waan na caalanuuf, \q2 inni diinota kiyya hunnaameyyii, \q2 worra na jibbu jalaa na baase. \q1 \v 18 Yennaa ani rakkadhe, isaan na irratti ka'ane; \q2 Mootiin Waan Maraa ammoo na qarqaare. \q1 \v 19 Inni gara addee badho'oo na geessee, \q2 waan natti gammadeef, na baase. \q1 \v 20 Mootiin Waan Maraa \q2 akkuma balchummaa tiyyaatitti naaf godhe; \q2 inni waan ani yakkaa hin qanneef gatii naa kaffale. \q1 \v 21 Ani karaa Mootii Waan Maraa waan hordofeef, \q2 Waaqa kiyya irraa deebi'ee \q2 waan hantuu hin hunye. \q1 \v 22 Ani seera isaa mara muummesseera; \q2 seerata isaalle hin didane. \q1 \v 23 Ani isa duratti komii hin qabuuyyu; \q2 cubbuu irraalle ifi eeggadheera. \q2 \v 24 Mootiin Waan Maraa akkuma balchummaa tiyyaatitti, \q2 ani waan yakkaa hin qanneef gatii naa kaffale. \q1 \v 25 Ee, Mootii Waan Maraa, \q2 ati worra addatama'aaf, ka addatante; \q2 worra komii hin qanneef, ka komii hin qanne. \q1 \v 26 Worra qulqullu'uuf, ati qulqullu'u; \q2 worra dabaalessaaf, \q2 akka daba isaaniititti gatii isaaniif kennita. \q1 \v 27 Ati worra gad ifi qabu hin baacha; \q2 worra kooru ammoo hin salphitta. \q1 \v 28 Ee Mootii Waan Maraa, ati ifa naaf hin issita; \q2 Waaqa kiyya, ati dukkana tiyya hin issita. \q1 \v 29 Qarqaarsa keetiin ani loltoota hin lola; \q2 qarqaarsa Waaqaatiin \q2 dalleya gubba'aan utaaluu dande'a. \q1 \v 30 Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu; \q2 jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a; \q2 worra isatti baqatuuf, inni wonte'e. \q1 \v 31 Waaqa malee Mootiin Waan Maraa eennu? \q2 Waaqa keenna malee rassaan eennu? \q1 \v 32 Jabeenna ka anaaf kennu, \q2 ka karaa naaf qajeelchu Waaqa. \q1 \v 33 Inni miila kiyya akka miila gadansaa hin jabeessa; \q2 gaarota gubbaa sodaa malee na dhaabbachiisa. \q1 \v 34 Guubee sageettu'uu hujuu akka dande'u, \q2 harka kiyyalle lolaaf hin leenjisa. \q1 \v 35 Wontee teeti ta fayyinnaa naa kennitee, \q2 harki keeti middichi na qarqaare; \q2 qarqaarsi keeti guddaa na godhe. \q1 \v 36 Karaa ideemmaa tiyyaa naaf badhitte; \q2 miilli kiyya hin mucucaanne. \q1 \v 37 Ani diinota kiyya ari'ee hin dhaqqaba; \q2 ani haga isaan balleessutti \q2 gara duubaa hin deebi'u. \q1 \v 38 Akka isaan dande'anee hin kaane, \q2 gad isaan hin dhowa; \q2 isaan miila kiyya jalatti hin jigan. \q1 \v 39 Ati lolaaf hunna naaf kennite; \q2 diinota kiyya irratti injifannoo naaf kennite. \q1 \v 40 Ati diinoti kiyya akka duubatti deebi'anu goote; \q2 ani worra na jibbu balleesse. \q1 \v 41 Isaan qarqaarsa gaafatiisaaf iyyane; \q2 ammoo nami tokkolle isaan hin qarqaarre. \q1 Isaan Mootii Waan Maraa waamane; \q2 inni ammoo deebii hin kennine. \q1 \v 42 Akka bukuu qilleensi afuufuu, ani isaan butuche; \q2 akka dhoqqee karaa keessaa, ani isaan irra sirbe. \b \q1 \v 43 Ati kolbaa na loltu jalaa na baattee\f + \fr 18:43 \fr*\fqa Baattee: \fqa*\ft Yookiin baache.\ft*\f*, \q2 gosa biyya adda addaa irratti bulchaa na goote; \q2 kolbaan ani hin beenne na tajaajilti. \q1 \v 44 Isaan akkuma marroo tiyya dhage'aneen, \q2 naaf ajajaman; \q2 ormi gad naaf jedhan. \q1 \v 45 Isaan Sodaatanee addii kutatan; \q2 rommanee kushee jadduu ifii lakkisanee bayan. \q1 \v 46 Mootiin Waan Maraa jiraata'a! \q2 Rassaan kiyya leellifamuu ti! \q2 Waaqi fayyisaan kiyya jajamuu ti. \q1 \v 47 Inni Waaqa diinota kiyya haluu naa bayu; \q2 gosa biyya adda addaa harka kiyya jala galcha. \q1 \v 48 Inni diinota kiyya jalaa na baasa. \q2 Diinota kiyya irratti ol ol na qaba; \q2 kolbaa hunnaan na irratti kaatu jalalle'ee na baasa. \q1 \v 49 Tanaaf, Mootii Waan Maraa, \q2 gosa biyya adda addaa oddu'utti, ani si leellisa; \q2 Faaruu leellisaatiin maqaa keeti faarfadha. \q1 \v 50 Mootiin Waan Maraa mooticha mootii godheef, \q2 injifachaa kenna; \q2 ka ifii muude Daawitii fi sanyii isaatiif, \q2 jaalala ifii ka bara baraa \q2 itti mudhisa. \c 19 \s1 Dadi Ulfinna Waaqaa Mudhitti \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ol-gubbaan ulfinnaa Waaqaa hinti; \q2 gubbaan hujii harka isaa lalladdi. \q1 \v 2 Guyyaan guyyaa itti aanutti kanuma dabarsa; \q2 halkanille halkan itti aanutti woma kana hima. \q1 \v 3 Dubbiin yookiin jechi hin jiru; \q2 qoonqoon isaanii hin dhage'antu; \q1 \v 4 Te'uu malee ergaan isaanii \q2 biyya lafaa duudi'itti baatee, \q2 haga qaccee biyya lafaa geetti. \q1 Inni adu'uuf gubbaa irratti dunkaanii dhaabe. \q2 \v 5 Aduun akka waajiba diinqa ifiitii gad bayuu baati; \q2 akkuma nami rukkee wol doggommi'ii rukkisu \q2 gammadaan rukkisu, \q2 aduun rukkee wol doggommi'ii rukkisiisaaf gammaddi. \q1 \v 6 Aduun dhuma qaccee gubba'aa taan irraa ol baatee, \q2 gara qaccee taanii qaxxaamurti; \q2 wonni o'a isi'ii duraa dhokatu hin jiru. \s1 Seera Mootii Waan Maraa \q1 \v 7 Seerri Mootii Waan Maraa dhidhuu hin qabu; \q2 lubbuu haaressa. \q2 Ajaji Mootii Waan Maraa addatama'a; \q2 nama gowwaa qaroo godha. \q1 \v 8 Seerri Mootii Waan Maraa sirri'i; \q2 gadhaa nama gammachiisa. \q1 Ajaji isaa ifa; \q2 Ila namaa bana. \q1 \v 9 Mootii Waan Maraa sodaatiis yaada qullicha; \q2 yaadi kun haga bara baraa jiraata. \q1 Muraan Mootii Waan Maraa marti dhuga'a; \q2 isiin yennaa mara haqa. \q1 \v 10 Worqii gatii guddo'oo caalaa, \q2 worqii baqisiisanee qulleessane caala'aayyuu gatii qaddi. \q1 Damma caalaa, \q2 nadhii dammaa caalaa mi'ootti. \q1 \v 11 Ani tajaajilaan keeti isi'iin gorfama; \q2 isii eegatiisaan gatii guddoo dhaggadha. \q1 \v 12 Ka dokonkora ifii dhaggu eennu? \q2 Cubbuu tiyya ta dhokatte irraa \q2 na qulqulleessi. \q1 \v 13 Cubbuu beekaa hujanu irraa \q2 na garbicha keeti eegi; \q2 akka isiin na mootu hin eeyyamin. \q1 Yoos ani ka komii hin qannee fi \q2 ka yakkaa guddoo hin qanne hin te'a. \q1 \v 14 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 rassaa kiyyaa fi wodoo kiyya! \q2 Jechi afaan kiyyaatii fi \q2 yaadi gadhaa kiyyaa \q2 si duratti fudhatama qabaatanuu ti. \c 20 \s1 Daadimata Injifannoo Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Guyyaa rakkinna keetii \q2 Mootiin Waan Maraa si'iif dhage'u! \q2 Maqaan Waaqa Yaaqoobii si eegu! \q1 \v 2 Inni Dunkaanii Woyyittii ifi keessaa \q2 qarqaarsa si'iif ergu; \q2 gaara Xiyoonii irraa qarqaarsa siif ergu. \q1 \v 3 Inni kennansa keeti mara fudhatee \q2 ciincaa keeti maratti gammaduu ti. \q1 \v 4 Inni halchaa gadhaa keetii sii kennu; \q2 yaada keeti mara sii guutu. \q1 \v 5 Yennaa ati injifatte \q2 nuuti gammadaan hin ilillinna; \q2 Waaqa keenna leellisiisaan \q2 baandiraa keenna ol kaafanna; \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 waan ati gaafate mara si'iif guutu. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa \q2 ka ifii muude akka qarqaaru ani hin beeka; \q2 inni ol-gubbaa woyyittii ifii keessaa \q2 deebii isaaf hin kenna; \q2 harka ifii middichaan \q2 injifachaa guddoo isaaf hin kenna. \q1 \v 7 Worri gariin \q2 garreettaa lolaa ka fardaan harkifamu ifiititti, \q2 worri gariin fardoo ifiititti addata; \q2 nuuti ammoo \q2 maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatitti addanna. \q1 \v 8 Isaan gufatanee hin jigan; \q2 nuuti ammoo kaanee jabaannee hin dhaabbanna. \q1 \v 9 Ee Mootii Waan Maraa! Mooticha injifachiisi! \q2 Yennaa nuuti si waammannu nuuf dhage'i! \c 21 \s1 Galata Injifachaa Dhagganteef Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 mootichi jabeenna keetiin gammada; \q2 injifachaa ati isaa kenniteen, \q2 gammadi isaa attam attam gudda'a! \q1 \v 2 Ati halchaa gadhaa isaa isaaf kenniteerta; \q2 waan inni si gaafate ati isa hin dhoogganne. \q1 \v 3 Eebba gudda'aan gara isaa waan dhutteef, \q2 mataa isaa irra kallacha worqii qullu'uu keetteerta. \q1 \v 4 Inni jiruu si gaafate; \q2 atille bara dheeraa haga bara baraa isaaf kennite. \q1 \v 5 Ati injifachaa waan isaaf kenniteef, \q2 ulfinni isaa guddaa te'e; \q2 ati ulfinnaa fi guddinna isaaf kennite. \q1 \v 6 Eebba bara baraa isaaf kennite; \q2 ati isa woliin waan jirtuuf, isa gammachiitta. \q1 \v 7 Mootichi Mootii Waan Maraatitti addata; \q2 sababa jaalala bara baraa ka Waaqa Ol Aana'aatiif, \q2 inni hin raafamu. \q1 \v 8 Harki keeti diinota keeti mara hin dhowa; \q2 harki keeti middichi worra si jibbu hin qaba. \q1 \v 9 Ati yennaa mudhattu, \q2 akka barbada ibiddaa isaan gudda. \q1 Mufii teetiin isaan hin fixa; \q2 ibiddi isaan luxub godha. \q1 \v 10 Ati sanyii isaanii lafa irraa, \q2 hiddaa fi hidaada isaanii \q2 ilmaan namootaa oddu'uu hin balleessita. \q1 \v 11 Isaan yoo hantuu si irratti yaadane, \q2 mala yoo sitti dhowane, isaaniif hin teetu. \q1 \v 12 Ati guubee teeti gara isaanii hin qadda, \q2 gara duubaa deebi'anee akka baqatanu hin goota. \b \q1 \v 13 Ee Mootii Waan Maraa, jabeenna keetiin ka'i! \q2 Nuuti faarfannee hunna teeti hin leellinna. \c 22 \s1 Iyya Gaddaatii Fi Faaruu Leellisaa \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta yoyyoma, «Gadansa dayya'a boru'uu» jedhantuun faarfatante. \q1 \v 1 Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf na lakkitte? \q2 Ati maaf na qarqaariisa irraa, \q2 jecha aadiisa kiyyaa irraa fagaatte? \q1 \v 2 Waaqa kiyya, ani guyyaa gara keeti iyya, \q2 ati ammoo naaf hin deebittu; \q2 halkanille hin iyya, \q2 ammoo foora hin dhaggadhu. \q1 \v 3 Te'uu malee ati Waaqa woyyicha. \q2 Leellisi worra Israa'elii \q2 barcumaa mootumma'aa keeti marsa. \q1 \v 4 Abbootiin teenna ta durii sitti addatte; \q2 isaan si addatanee, \q2 atille isaan baache. \q1 \v 5 Isaan gara keeti iyyanee bayane; \q2 sitti addataneelle hin fokkifanne. \q1 \v 6 Ani ammoo corroqa malee namaa moti; \q2 namooti natti murgan; kolbaalle na tuffatti. \q1 \v 7 Ka na dhaggu marti natti murga; \q2 isaan arraba baasanee mataa natti raasaa, \q1 \v 8 «Inni Mootii Waan Maraatitti addateeraa, \q2 inni isa hamburuu ti me! \q2 Inni waan isa jaalatuuf, \q2 isa baasuu ti me!» naan jedhan. \q1 \v 9 Ati nageyaan akka dhaladhu na gootee, \q2 harma haadha tiyyaa irralle'etti na eedde. \q1 \v 10 Gadaamessa haadha tiyyaatii jalqabee \q2 ka na eege si'i; \q2 gadhaa haadha tiyyaatii jalqaddee \q2 ati Waaqa kiyya teeteerta. \q1 \v 11 Rakkinni na dhaqqabiisaaf waan dhikaateef, \q2 ka na qarqaarulle waan hin jirreef, \q2 na irraa hin fagaatin. \q1 \v 12 Diinoti hedduun akka korommi'ii na marsaneeran; \q2 worri jajjaboon akka korommii Baashaanii \q2 na naannessaneeran. \q1 \v 13 Akka neenqa waan adanse kukkutataa dhangaa dhowuu, \q2 isaan afaan ifii natti banan. \q1 \v 14 Hunni tiyya akka bisaanii jiddeerti; \q2 mitikaan lafee tiyyaa marti gargar bayeera. \q1 Gadhaan kiyya akka gaga'aa \q2 na baqeera. \q1 \v 15 Afaan kiyya akka basso'oo gogee, \q2 arrabi kiyyalle laagada'atti na qabate; \q2 ati akka nama du'ee bukuu keessa na irkitte. \b \q1 \v 16 Worri akka sare'ee na marse; \q2 goliin worra hantuu hujuu na naannessanee, \q2 harka kiyyaa fi miila kiyya woraananee fullaasane. \q1 \v 17 Ani huqqadhee lafeen tiyya mudhatte; \q2 diinoti kiyya ila natti qabanee na ilaalane. \q1 \v 18 Woyaa tiyya qoqoodamanee, \q2 ruufa kiyyatti hixaa buufatane. \q1 \v 19 Ee Mootii Waan Maraa kiyya, \q2 ati ammoo na irraa hin fagaatin! \q2 Ee qarqaaraa kiyya, \q2 na qarqaariisaaf ariifadhuu koy! \q1 \v 20 Lubbuu tiyya shallaagaa jalaa, \q2 jiruu tiyya hunna saroolee tanaa jalaa baasi. \q1 \v 21 Afaan neenqaa jalaa na hamburi; \q2 gaafa gafarsaa jalaa na baasi. \b \q1 \v 22 Ani guddinna maqaa keetii kolbaa tiyyatti hin hima; \q2 wolde'a gumii isaanii keessatti ani si hin leellisa. \q1 \v 23 Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu, \q2 isa leellisa'a! \q1 Isin sanyiin Yaaqoobii marti, \q2 isa ulfeessa'a! \q1 Isin kolbaan Israa'elii marti, \q2 isa saadadha'a! \q1 \v 24 Inni nama rakkate hin tuffanne; \q2 inni fuula ifiille isa irraa hin deebifanne; \q2 ammoo yennaa inni gara isaa iyye isaaf dhage'e. \q1 \v 25 Waan ati hujjeef, \q2 gumii guddoo keessatti ani si leellisa; \q2 worra si sodaatu duratti waan waadaa gale \q2 ani si'iif hin kenna. \q1 \v 26 Worri hiyyeeyyiin nyaatanee hin quufan; \q2 worri Mootii Waan Maraa barbaadu, \q2 isa hin leellisan. \q1 Baruma baraan gadhaan keessan gammadaan le'uu ti! \b \q1 \v 27 Kolbaan lafa irraa marti qaabattee \q2 gara Mootii Waan Maraa hin deebiti; \q2 maatiin gosa biyya adda addaa marti \q2 isaaf hin sagaddi. \q1 \v 28 Baalliin ta Mootii Waan Maraa waan te'eef, \q2 inni gosa biyya adda addaa hin bulcha. \b \q1 \v 29 Worri dureeyyiin marti isaaf hin sagadan; \q2 nami foon uffate marti isa duratti hin jilbiiffatan. \q1 \v 30 Dhalooti hegerii isa hin tajaajilan; \q2 dhaloota dhufutti \q2 marroon waan Mootii Waan Maraa \q2 itti hin himama. \q1 \v 31 Isaan dhufanee hujii balchummaa isaa lassaa, \q2 balchummaa inni huje \q2 worra amma hin dhalatiniif hin himan. \c 23 \s1 Mootiin Waan Maraa Tissee Dansa'a \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa tissee kiyya; \q2 ani womaa hin dhabu. \q1 \v 2 Inni marra bisilee keessatti \q2 akka ani foorfadhu godha; \q2 gara bisaan dansa'aa na geessa. \q1 \v 3 Inni jabeenna haareya naa kenna; \q2 maqaa ifiitiif jedhee \q2 daandii balchaa irra na sooressa. \q1 \v 4 Ani dhooqa gaaddisa du'aa keessa yoo ideemelle, \q2 ati waan na woliin jirtuuf, \q2 Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu. \q2 Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan. \q1 \v 5 Adoo diinoti kiyya dhagganuu, \q2 ati nyaata naaf qopheessita. \q1 Mataa kiyya zayitii ejersaa\f + \fr 23:5 \fr*\fqa Zayitii ejersaa: \fqa*\fqa Akkuma Gujiin dhadhaa iffatu, Israa'elooti zayitii ejersaa iffatan.\fqa*\f* muudda; \q2 muduunuun tiyyalle guuttee irraa dhangalaati. \q1 \v 6 Dhugumaan, bara jiruu tiyyaa mara, \q2 dansummaan teetii fi \q2 marartiin teeti na gula deeman; \q2 bara le'ii tiyyaa mara \q2 mana Mootii Waan Maraa keessa hin le'a. \c 24 \s1 Mooticha Guddaa \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Lafaa fi wonni lafa irra jiru marti \q2 ka Mootii Waan Maraa ti; \q2 biyyi lafaatii fi worri isii keessa le'u marti ka isaa ti. \q1 \v 2 Inni lafa hundee abbaaya'aa irra keye, \q2 bisaan irra isii jabeessee dhaabe. \q1 \v 3 Gara kooba Mootii Waan Maraa ka ol bayu eennu? \q2 Dunkaanii isaa woyyittii keessa ka dhaabbatu eennu? \q1 \v 4 Nama harka qulqullu'uutii fi gadhaa qullu'uu, \q2 ka waaqota dharaa hin waaqonfanne, \q2 ka sobaan hin kakanne qofa. \q1 \v 5 Inni Mootii Waan Maraa biraa eebba, \q2 Waaqa fayyisaa biraa balchummaa hin dhaggata. \q1 \v 6 Dhalooti isa barbaadu isaan kana; \q2 ee Waaqa Yaaqoobii, \q2 worri fuula keeti barbaadu isaanuma kana. \q1 \v 7 Mootiin ulfinnaa akka seenu, \q2 Ee Karra, gara maraan banama'a! \q2 Isin balbala durii durii, badhadha'aa banama'a! \q1 \v 8 Mootiin ulfinnaa kun eennu inni? \q2 Inni Mootii Waan Maraa jaba'aa fi janna; \q2 inni Mootii Waan Maraa ka lolaan jaba'aa ti. \q1 \v 9 Mootiin ulfinnaa akka seenu, \q2 Ee karra, gara maraan banama'a! \q2 Isin balbala durii durii, badhadha'aa banama'a! \q1 \v 10 Mootiin ulfinnaa kun eennu inni? \q2 Inni Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, \q2 mootii ulfinnaa ti. \c 25 \s1 Waaqaan sooreffamiisaa Fi Eegamiisaafiille Daadimata Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 lubbuun tiyya ol gara keeti yaaddi; \q1 \v 2 Ee Waaqa kiyya, ani sitti addadha. \q1 Akka fokkifadhu na hin godhin; \q2 diinoti kiyya natti hin gammadin. \q1 \v 3 Worri addii sitti godhatu hin fokkifatu; \q2 worri si'iif hin addatanne ammoo hin fokkifatan. \b \q1 \v 4 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 karaa keeti akka beeku na godhi; \q2 daandii teeti na barsiisi. \q1 \v 5 Ati Waaqa fayyisaa kiyya waan teeteef, \q2 dhugaa teetiin na sooressii, na barsiisi; \q2 ani yennaa mara addii si godhadha. \b \q1 \v 6 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 marartii teetii guddo'oo fi \q2 jaalala keeti ka bara baraa, \q2 ka durii jalqaddee mudhitte yaadadhu. \q1 \v 7 Ee Mootii Waan Maraa, ati dansaa waan teeteef, \q2 akka jaalala keeti ka bara baraatitti \q2 naa yaadadhu malee, \q2 cubbuu dargaggummaa tiyyaa \q2 yookiin yakkaa tiyya hin yaadatin. \b \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa dansa'aa fi \q2 balchaa waan te'eef, \q2 inni cubbaaleyyii daandii ifii barsiisa. \q1 \v 9 Inni worra gad ifi qabu haqaan sooressaa, \q2 karaa ifiille isaan hin barsiisa. \q1 \v 10 Worra gondooroo isaatii fi ajaja isaa eegatanuuf, \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 jaalala ifii ka bara baraatii fi \q2 addatamummaa hin mudhisa. \q1 \v 11 Yakkaan tiyya bacaa waan teeteef, \q2 ee Mootii Waan Maraa, \q2 maqaa keetiif jedhii naaf araarami. \q1 \v 12 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu eennu? \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 karaa inni filatu'uu male isa hin barsiisa. \q1 \v 13 Inni jiruu dansaa hin jiraata; \q2 sanyiin isaalle lafa hin dhaalti. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa \q2 worra isa sodaatu dhossaa ifii itti hima; \q2 inni gondooroo ifii \q2 akka isaanitti beekkantu hin godha. \b \q1 \v 15 Mootiin Waan Maraa \q2 miila kiyya tiyyoo keessaa waan baasuuf, \q2 ilti tiyya yennaa mara gara isaa ilaalti. \q1 \v 16 Ani qofuu waan jiruuf, \q2 cunqurfamaalle waan te'eef, \q2 fuula keeti gara kiyya deebifadhuu, \q2 naaf mararfadhu. \q1 \v 17 Rakkinni kiyya bindilla'a; \q2 farra tiyya jalaa na baasi. \q1 \v 18 Rakkinnaa fi farra tiyya ilaali; \q2 cubbuu tiyya mara naa araarami. \b \q1 \v 19 Diinoti kiyya attam attam akka bacatanu ilaali; \q2 attam akka isaan na jibbanulle ilaali. \q1 \v 20 Na eegi; na baasi; \q2 Ani waan sitti baqadheef, \q2 akka ani fokkifadhu na hin godhin. \q1 \v 21 Ani addi'iin waan si eegadhuuf, \q2 addatamumma'aa fi qajeelummaan na eeganuu ti; \q1 \v 22 Ee Waaqa, rakkinna isi'ii mara keessaa \q2 kolbaa Israa'elii wodi. \c 26 \s1 Daadimata Nama Komii hin qannee \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Ani komii tokko malee, \q2 sitti addadhee raafama malee waan le'eef, \q2 Ee Mootii Waan Maraa, naaf muri. \q1 \v 2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 na qorqori, hagalle na ilaali; \q2 gadhaa kiyyaa fi qalbii tiyya qorqori. \q1 \v 3 Jaalalli keeti ka bara baraa \q2 ila tiyya dura jira; \q2 anille dhugaa teetiin hin ideema. \b \q1 \v 4 Ani sobaaleyyii woliin hin tee'u; \q2 worra kijiboolee jaala hin godhadhu. \q1 \v 5 Ani yaa'ii worra hantuu hujuu hin jibba; \q2 hamaaleyyii wolille'een hin tee'u. \q1 \v 6 Yakkaa akka hin qanne mudhisiisaaf, \q2 harka dhiqadha; \q2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 addee ciinca'aa teeti cinaa mara. \q1 \v 7 Faaruu galataa guddisee faarfataa, \q2 hujii maade'ee teeti hin odeessa. \b \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, mana keeti addee ati leetu, \q2 addee ulfinni keeti jiru, ani hin jaaladha. \q1 \v 9 Lubbuu tiyya cubbaaleyyii woliin, \q2 jiruu tiyya worra dhiiga namaa dhangalaasu woliin \q2 hin balleessin. \q1 \v 10 Harka worra akkasii keessa karoora hama'atti jira; \q2 harka isaanii middicha keessa safu'utti\f + \fr 26:10 \fr*\fqa Safuu: \fqa*\ft Yookiin malaamaltumma.\ft*\f* guuteera. \q1 \v 11 Ani ammoo komii malee le'a; \q2 na wodi; na mararfadhu. \q1 \v 12 Miilli kiyya lafa wol qixxee irra dhaabbateera; \q2 gumii guddoo keessatti \q2 ani Mootii Waan Maraa leellisa. \c 27 \s1 Daadimata Waaqatti Addatiisaa \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya; \q2 ani eennu sodaadha ree? \q1 Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti; \q2 eentu na sodaachisa ree? \q1 \v 2 Worri hamaaleyyiin foon kiyya nyaatiisaaf \q2 yennaa natti dhufanu, \q2 diinoti kiyyaa fi nyaapholeen tiyya \q2 yennaa na lolanu, \q2 isaanuu gufatanee hin jigan. \q1 \v 3 Loltooti duudiin na marsanulle, \q2 ani hin sodaadhu; \q2 lolli yoo natti ka'elle, \q2 ani Mootuma Waan Maraa addadha. \q1 \v 4 Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha; \q2 isiille dhaggatuu barbaada: \q2 bara jiruu tiyyaa mara \q2 mana Mootii Waan Maraa keessa akka le'u, \q2 dansummaa isaa akka dhaggu, \q2 Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti \q2 akka isa barbaadadhu. \q1 \v 5 Inni guyyaa rakkinnaa \q2 mana ifii keessatti na hin eega; \q1 Dunkaanii Woyyittii ifii keessatti na hin dhossa; \q2 rassaa irratti ol na hin baasa. \q1 \v 6 Achiin duuba diinota na marsaneeranu irratti \q2 mataan kiyya ol hin jedha; \q2 gammadaa ilillisaa addee dunkaanii isaatitti, \q2 ciincaa isaaf hin dhikeessa; \q2 faarfataa, Mootii Waan Maraa hin leellisa. \q1 \v 7 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani yennaa si waamu, \q2 naa dhage'i; \q2 naa marariitii, \q2 daadimata kiyya naa dhage'i. \q1 \v 8 Gadhaan kiyya, \q2 «Fuula isaa barbaadi» naan jedhe; \q2 ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani fuula keeti barbaada. \q2 \v 9 Fuula keeti na hin dhossin. \b \q1 Ati aari'iin ana tajaajilaa keeti \q2 ifi irraa hin fageessin; \q2 ati qarqaarsa naaf teeteerta. \q1 Ee Waaqa fayyisaa kiyya, \q2 na hin gatin; na hin lakkisin! \q1 \v 10 Abbaan kiyyaa fi haati tiyya \q2 yoo na lakkisanelle \q2 Mootiin Waan Maraa kiyya na hin fudhata. \q1 \v 11 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 karaa keeti na barsiisi; \q2 ani diinota hedduu waan qabuuf, \q2 daandii qajeelaa irra na sooressi. \q1 \v 12 Dhugaa baatoti dharaa \q2 hunnaan waan na irratti ka'aneef, \q2 fedhii diinota kiyyaatiif \q2 dabarsitee na hin kennin. \q1 \v 13 Lafa worra jiraata'aa keessatti \q2 dansummaa Mootii Waan Maraa \q2 akka dhaggu hin addadha. \q1 \v 14 Mootii Waan Maraa eegadhu; \q2 jabaadhu; addii hin kutatin; \q2 Mootii Waan Maraa eegadhu. \c 28 \s1 Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, ani si waammadha; \q2 rassaa kiyya, ati na jalaa hin cadhisin! \q1 Ati yoo na jalaa cadhitte, \q2 ani akka worra boolla awwaalaatitti gad bu'ee hin te'a. \q1 \v 2 Qarqaarsa dhaggatiisaaf, \q2 harka kiyya gara addee woyyittii woyyootaa teetii ol kaasee, \q2 yennaa ani gara keeti iyyu, \q2 daadimata kiyya naaf dhage'i. \q1 \v 3 Worra hamaaleyyii, \q2 ka waan hantuu huju woliin na hin harkisin! \q1 Isaan ollaa ifii woliin \q2 afaaniin dubbii nageyaa dubbatan; \q2 gadhaa ifii keessatti ammoo waan hantuu yaadan. \q1 \v 4 Ati akka hujii isaaniititti, \q2 akka hujii hantuu isaaniititti gatii isaaniif kenni; \q1 Akka hujii harka isaaniititti isaaniif kenni; \q2 adabbii isaaniif malte isaaniif kenni. \q1 \v 5 Isaan hujii Mootii Waan Maraa \q2 yookiin hujii harka isaa waan hin ilaalleef, \q2 inni isaan hin diiga malee, \q2 deebi'ee isaan hin ijaaru. \q1 \v 6 Iyya tiyya waan dhage'eef, \q2 Mootiin Waan Maraa leellifamu. \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya; \q2 wontee tiyyalle'e; \q2 ani isatti addadha. \q1 Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef, \q2 ani faaru'uun isa hin galateessa. \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa \q2 kolbaa ifiitiif jabeenna isaanii ti; \q2 ka ifii muudeef kushee fayyinnaa ti. \q1 \v 9 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 kolbaa teeti baasi; \q2 worra keeti te'ane eebbisi; \q2 tissee isaanii te'iitii, \q2 haga bara baraa isaan ba'adhu. \c 29 \s1 Hunna Mootii Waan Maraa \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Isin ergantooti Waaqaa, \q2 ulfinnaa fi hunna Mootii Waan Maraa leellisa'a. \q1 \v 2 Ulfinna maqaa isaatiif, \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a; \q2 Arnya woyyummaa isaatiif, \q2 Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a. \b \q1 \v 3 Qoonqoon Mootii Waan Maraa \q2 abbaayaa guddittii irraa dhage'anti; \q2 Waaqi ulfinnaa, Mootiin Waan Maraa \q2 abbaayaa irraa mandi'a. \q1 \v 4 Qoonqoon Mootii Waan Maraa hunnaametti'i; \q2 qoonqoon Mootii Waan Maraa arnya qabeetti'i. \q1 \v 5 Qoonqoon Mootii Waan Maraa \q2 hindheensa caccassiti; \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 hindheensa Libaanoniituu hin caccassa. \q1 \v 6 Inni gaara Libaanonii akka jabbi'ii, \q2 gaara Siiriyoniille\f + \fr 29:6 \fr*\fqa Gaara Siiriyonii: \fqa*\fqa Gaarri kun gaaruma Herimonii ti. \fqa*\f* \q2 akka ilmee gafarsaa hin burraassisa. \q1 \v 7 Qoonqoon Mootii Waan Maraa \q2 balaqqeettii balaqqitti. \q1 \v 8 Qoonqoon Mootii Waan Maraa \q2 goomolee tachootti; \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 goomolee Qaadeshii hin tachoosa. \q1 \v 9 Qoonqoon Mootii Waan Maraa \q2 qilxaan akka hargufamu gooti; \q2 baala muka badda'aa hin harcaatti; \q2 worri addee inni jiruu martinuu, \q2 «Ulfinni Mootii Waan Maraatiif te'u!» jedhan. \q1 \v 10 Mootiin Waan Maraa qilee abbaaya'aalle bulcha; \q2 Mootiin Waan Maraa haga bara baraa hin bulcha. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif jabeenna kenna; \q2 nageyalle'een isaan eebbisa. \c 30 \s1 Daadimata Galataa \s2 Faaruu Daawitii ta eebba manaatiif Faarfante. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, ati qilee keessaa na baattee, \q2 diinoti kiyya na irratti akka hin gammanne waan gooteef, \q2 ani guddisee si galateeffadha. \q1 \v 2 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, \q2 akka na qarqaartuuf gara keetti iyyee, \q2 atille na fayyitteerta. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati lubbuu tiyya boolla awwaalaa keessaa baatteerta; \q2 akka ani boollatti gad hin buune na hamburteerta. \q1 \v 4 Isin worri isaaf addatantane, \q2 Mootii Waan Maraa faaru'uun leellisa'a; \q2 maqaa isaa woyyichalle, \q2 galateessa'a. \q1 \v 5 Aariin isaa yennaa diqqoo qofa; \q2 tolli isaa ammoo bara jiru'uu mara. \q1 Halkan bowaa yoo bulane, \q2 ganama ammoo ililleessi hin te'a. \b \q1 \v 6 Yennaa natti tole, ani ifiin, \q2 «Ani ijjumaa hin raafamu» jedhe. \q1 \v 7 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 arnya keetiin, \q2 akka gaara jabaa tokkoo na goote; \q2 yennaa fuula keeti na duraa dhossite ammoo \q2 guddoo sodaadhe. \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani si waammadhee, \q2 akka na marartuuf si gaafadhee, \q1 \v 9 «Du'a tiyya irraa maan dhaggatta? \q2 Ani yoo boollatti gad bu'e bu'aan maan? \q1 Worri du'eeru si hin leellisaa? \q2 Isaan addatamummaa teeti hin himanii? \q1 \v 10 Mootii Waan Maraa, \q2 naa dhage'i; naa marari; \q2 Mootii Waan Maraa, \q2 na qarqaar» jedhe. \q1 \v 11 Ati gadda kiyya gara sirbaatitti jijjiirte; \q2 woyaa gaddaa na irraa fuutee, \q2 gammada natti uffitte. \q1 \v 12 Yoona, ani hin cadhisu; \q2 faaru'uun si leellisa. \q1 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, \q2 ani haga bara baraa si galateessa. \c 31 \s1 Daadimata Waaqatti Adddatiisaa \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani sitti baqadheera; \q2 ani ijjumaa hin fokkifatin; \q2 balchummaa teetiin na baasi. \q1 \v 2 Gurra keeti gara kiyya deebifadhu; \q2 ariifadhuu na baasi. \q1 Rassaa ani itti baqadhu, \q2 na baasiisaaf, kushee jadduu naaf te'i. \q1 \v 3 Ati rassaa kiyyaa fi kushee tiyya; \q2 maqaa keetiif jedhii na sooressi; \q2 naan duralle deemi. \q1 \v 4 Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef, \q2 tiyyoo diinoti naaf afane jalaa na baasi. \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa addatama'a, \q2 ati na wodatteerta; \q2 anille lubbuu tiyya harka keetitti kennadha. \q1 \v 6 Ani worra waaqota dharaa waaqonfatu hin jibba; \q2 ammoo Mootii Waan Maraatitti hin addadha. \q1 \v 7 Sababa jaalala keeti ka bara baraatiif, \q2 ani gammadee hin ilillisa. \q1 Ati farra tiyya dhaggiteerta; \q2 rakkoo tiyyalle beetteerta. \q1 \v 8 Ati harka diinotaatitti dabarsitee na hin kennine; \q2 miila kiyya ammoo addee badhoo dhaabbachiitte. \b \q1 \v 9 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani rakkatiisatti waan jiruuf, \q2 naa marari; \q2 bowa guddo'oon ilti tiyya dadhaddeerti; \q2 lubbuun tiyyaa fi nafi kiyyalle gaddaan dadhabeera. \q1 \v 10 Barri jiruu tiyyaa gaddaan, \q2 woggaan tiyya aadiisaan dabaraneeran; \q2 sababa rakkoo tiyyaatiif hunna dhabe; \q2 lafeen tiyyalle dadhadde. \q1 \v 11 Diinoti kiyya marti natti murgane; \q2 ollaan kiyyalle irra caalaa natti murge; \q2 worri na beeku natti fokkifata; \q2 worri karaa irratti na dhaggu na irraa baqata. \q1 \v 12 Akka nama du'ee dedhame; \q2 akka okkotee caddee te'e. \q1 \v 13 Ani hasaassaa nama heddu'uu waan dhage'uuf, \q2 adaala kiyya mara soda'atti jira. \q1 Isaan wolitti qabamanee na irratti mari'atan; \q2 na ijjeesiisaafille mala dhowan. \b \q1 \v 14 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani ammoo si'itti addadha; \q2 «Ati Waaqa kiyya» jedha. \q1 \v 15 Ani yennaa mara harka keeti keessa jira; \q2 harka diinota kiyyaatii fi \q2 worra na ari'u jalaa na baasi. \q1 \v 16 Fuulli keeti ana tajaajilaa keetitti ifuu ti; \q2 jaalala keeti ka bara baraatiin na baasi. \q1 \v 17 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani waan si waammadheef, \q2 akka fokkifadhu na hin godhin. \q1 Worri hamaaleyyiin fokkifatuu ti; \q2 gara addee worri du'e jirutti gad bu'anee \q2 cadhisanuu ti. \b \q1 \v 18 Afaan dharaamessi kooraa fi tuffi'iin \q2 nama balchaa irratti dubbatu cadhisuu ti. \b \q1 \v 19 Wonni dansaan ta ati worra si sodaatuuf massite, \q2 dansummaan ta ati ilmaan namootaa duratti, \q2 worra sitti baqatuuf mudhitte, \q2 attam attam guddo'o! \q1 \v 20 Ati mala nami dhowu duraa \q2 bobaa teeti jalatti, \q2 jechoota hamaa duraa \q2 dunkaanii teeti keessatti isaan dhossita. \b \q1 \v 21 Yennaa ani qachaa marfame keessa jiru \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 jaalala ifii ka bara baraatiin waan na jaalateef, \q2 inni leellifamu. \q1 \v 22 Ani yennaa rifadhe, \q2 «Fuula keeti duraa gatameera» jedheeraayyu. \q1 Ati ammoo yennaa ani gara keeti iyye, \q2 iyya tiyya naa dhageette. \q1 \v 23 Isin worri isaaf woyyoontane marti, \q2 Mootii Waan Maraa jaaladha'a. \q1 Mootiin Waan Maraa worra addatamaa hin eega; \q2 worra kooru ammoo ijjumaa hin adaba. \q1 \v 24 Isin worri Mootii Waan Maraatitti addii godhattanu marti, \q2 jabaadha'a; jajjabaadha'a. \c 32 \s1 Cubbuu faaci'atiisaa Fi Araara \s2 Wolaloo Daawitii. \q1 \v 1 Nami cubbuu isaatiif araarri kennameef, \q2 ka yakkaan isaa lakkifanteef ka gammade. \q1 \v 2 Nami Mootiin Waan Maraa cubbuu itti hin laakkonne, \q2 ka soba ifi keessaa hin qanne ka gammade. \q1 \v 3 Ani yennaa cubbuu tiyya faaci'atuu dhabe, \q2 guyyaa guutuu aada. \q1 \v 4 Ati halkanii fi guyyaa na adadde; \q2 akka waan o'i bonaa gossee, \q2 hunni tiyya na keessaa godde. \b \q1 \v 5 Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase; \q2 yakkaa tiyyalle hin dhoffanne. \q1 Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe; \q2 atille cubbuu tiyya naaf araarante. \b \q1 \v 6 Tanaaf, nami addatamaan marti \q2 gara keeti daadimatuu ti. \q1 Rakkinni akka lolaa jaba'aa yennaa dhufe, \q2 isa hin dhaqqabu. \q1 \v 7 Ati addee ani itti dhokadhu; \q2 ati rakkinna irraa na eedda. \q1 Ati ililleettii worra bayiisa kiyyatti firinxiixuun na marsite. \b \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Ani karaa ati deemu'uu malte \q2 si hubachiisee si barsiisa; \q2 si gorsa; si toowadha. \q1 \v 9 Ati akka fardaa fi gaange'ee, \q2 ka wo hin beennee hin te'in! \q1 Bixaalaa fi lugaamaan ifitti yoo harkitte malee, \q2 isaan sitti hin dhikaatanu» jedhe. \b \q1 \v 10 Farri worra cubbaaleyyi'ii heddu'u; \q2 nama Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo \q2 jaalalli isaa ka bara baraa isa hin marsa. \q1 \v 11 Isin balchooleen \q2 Mootii Waan Maraatiin gammada'aa ilillisa'a! \q2 Isin worri gadhaa qajeela'aa ilillisa'a. \c 33 \s1 Faaruu Leellisaa \q1 \v 1 Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a. \q2 Worri qajeelaan isa leellisuu barbaachisa. \q1 \v 2 Maasinqo'oon Mootii Waan Maraa leellisa'a! \q2 Kiraara guddicha ribuu kudhaniitiin isaaf faarsa'a. \q1 \v 3 Faaruu haareya isaaf faarsa'a; \q2 kiraara guddicha akka dansaa dhowa'a; \q2 gammadaan, «Ilili!» jedha'a. \b \q1 \v 4 Jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a; \q2 Mootiin Waan Maraa hujii ifii maraan addatama'a. \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa balchumma'aa fi haqa jaalata; \q2 Latti jaalala isaa ka bara baraatiin guutanteerti. \b \q1 \v 6 Ol-gubbaan jecha Mootii Waan Maraatiin, \q2 aduun, ji'aa fi urjooti ajaja isaatiin dadamane. \q1 \v 7 Inni bisaan abbaaya'aa addee tokkotti wolitti qaba; \q2 abbaayaa gugurdoo qilee te'ane \q2 addee itti kuufamanutti kuusa. \b \q1 \v 8 Biyyi lafaa marti Mootii Waan Maraa sodaattuu ti; \q2 kolbaan biyya lafaa marti isaaf sheephittuu ti. \q1 \v 9 Inni dubbate, wonni inni dubbatelle dadante; \q2 inni ajaje, wonni inni ajajelle teete. \b \q1 \v 10 Mootiin Waan Maraa \q2 karoora gosa biyya adda addaa hin diiga; \q2 inni yaadi kolbaa heddu'uu \q2 hujii irra akka hin oolle godha. \q1 \v 11 Karoorri Mootii Waan Maraa ammoo \q2 bara baraan jabaatee dhaabbata; \q2 yaadi isaalle dhaloota irraa gara dhalootaa dabara. \q1 \v 12 Gosi Waaqi Mootii Waan Maraa te'eef, \q2 kolbaan inni ifiif filate gammadduu ti. \b \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa gad ilaala; \q2 inni nama duudii dhagga. \q1 \v 14 Barcumaa mootummaa ifii irraa \q2 inni worra lafa irra jiru mara dhagga. \q1 \v 15 Inni ka qalbii isaanii mara dade, \q2 waan isaan hujanu mara hin beeka. \b \q1 \v 16 Mootiin loltoota ifii guddo'oon hin bayu; \q2 jannille jabeenna ifii gudda'aan hin miliqu. \q1 \v 17 Fardi lolaa injifatiisaaf addii bu'aa hin qanne; \q2 jabeenni guddaan isaalle nama baasuu hin dande'u. \q1 \v 18 Ilti Mootii Waan Maraa ammoo worra isa sodaatu, \q2 worra jaalala isaa ka bara baraatitti addatu ilaalti. \q1 \v 19 Inni du'a irraa isaan hambura; \q2 bara beelaalle jiru'uun isaan eega. \b \q1 \v 20 Lubbuun teenna addi'iin Mootii Waan Maraa eegatti; \q2 inni qarqaaraa keenna; wontee teennalle'e. \q1 \v 21 Maqaa isaa woyyichatti waan addannuuf, \q2 gadhaan keenna isatti gammada. \b \q1 \v 22 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 akkuma nuuti addii si godhane, \q2 jaalalli keeti ka bara baraa nu irratti te'uu ti. \c 34 \s1 Leellisa Mootii Waan Maraatiif Dhikaatu \s2 Daawiti akka maraata'aa te'ee, Abiimelek dura waan dhikaateef, Abiimelek isa ariinaan, yennaa achii deeme faaruu Daawiti faarfate. \q1 \v 1 Ani yennaa mara Mootii Waan Maraa hin leellisa; \q2 isa saadiisille yennaa mara afaan kiyyaa hin bu'u. \q1 \v 2 Ani Mootii Waan Maraatiin ifi jaja; \q2 worri cunqurfame dhage'ee gammaduu ti. \q1 \v 3 Na woliin guddinna Mootii Waan Maraa odeessa'a; \q2 maqaa isaa tokkumma'aan leellinnuu ti. \b \q1 \v 4 Ani gara Mootii Waan Maraa daadimadhee, \q2 innille deebii naa kenne; \q2 waan sodaadhu mara jalaa na baase. \q1 \v 5 Worri gara isaa ilaalu, \q2 fuulli isaanii hin ifa; \q2 isaan hin salphatanu. \q1 \v 6 Namichi rakkataan kun isa waame, \q2 Mootiin Waan Maraalle isaaf dhage'e; \q2 rakkinna isaa mara keessaa isa baase. \q1 \v 7 Ergamaan Mootii Waan Maraa \q2 adaala worra isa sodaatuu hin qubata; \q2 inni balaa jalaa isaan hin baasa. \b \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa attam attam dansaa akka te'e \q2 qorqora'aatii ilaala'a; \q2 nami isatti baqatu ka gammade. \q1 \v 9 Worri Mootii Waan Maraa sodaatu \q2 womaa waan hin dhanneef, \q2 isin worri isaaf woyyoontane, \q2 Mootii Waan Maraa sodaadha'a. \q1 \v 10 Dardarooti neenqaatuu dhabanee hin beelotan; \q2 worri Mootii Waan Maraa barbaadu ammoo \q2 waan dansaa hin dhabu. \q1 \v 11 Ee ijoolle! Gara kiyya kowa'aatii, na caqasa'a; \q2 ani Mootii Waan Maraa sodaatiisa isin hin barsiisa. \q1 \v 12 Ka jiruu jaalatu, \q2 waan dansaa dhaggiisaafille \q2 bara hedduu ka halchu eennu? \q1 \v 13 Arraba keeti waan hantuu irraa, \q2 hidhii teeti soba dubbatiisa irraa eegadhu. \b \q1 \v 14 Waan hantuu irraa fagaadhuutii, \q2 waan dansaa godhi; \q2 nageya barbaadiitii, \q2 gula deemi. \b \q1 \v 15 Ilti Mootii Waan Maraa \q2 gara balchoole'ee ilaalti; \q2 gurri isaalle iyya isaanii caqasa. \q1 \v 16 Mootiin Waan Maraa \q2 worra waan hantuu huju hin morma; \q2 lafa irratti akka isaan hin qaabatanne godha. \q1 \v 17 Yennaa balchooleen gara isaa iyyitu, \q2 Mootiin Waan Maraa isaaniif hin dhage'a; \q2 inni rakkinna isaanii mara keessaa \q2 isaan hin baasa. \q1 \v 18 Mootiin Waan Maraa \q2 worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira; \q2 inni worra addii kutateeru hin baasa. \b \q1 \v 19 Rakkoon balcha'aa baca'a; \q2 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 waan mara keessaa isa hin baasa. \q1 \v 20 Inni lafee isaa mara hin eega; \q2 lafee isaa keessaa takkaalle hin caddu. \q1 \v 21 Hammeenni nama hamaa hin ijjeesa; \q2 worra nama balchaa jibbu \q2 yakkaan itti hin muranti. \b \q1 \v 22 Mootiin Waan Maraa \q2 jiruu tajaajiltoota ifii hin woda; \q2 worra gara isaa baqatu keessaa \q2 tokkolle'etti yakkaan itti hin murantu. \c 35 \s1 Diinota Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 worra natti ka'u irratti ka'i; \q2 worra na lolu loli. \q1 \v 2 Wontee teetii fi meya lolaa keeti fudhadhuu \q2 na qarqaariisaaf koy. \q1 \v 3 Worra na ari'utti ebo'oo fi urdee teeti fudhadhuutii, \q2 lubbuu tiyyaan, «Ani fayyisaa keeti» jedhi. \b \q1 \v 4 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu \q2 fokkifatee qaanowuu ti. \q1 Worri mala natti dhowu \q2 gara duubaa deebi'ee salphatuu ti. \q1 \v 5 Ergamaan Waaqaa isaan ari'uun, \q2 akka huura qilleensi afuufuu te'anuu ti. \q1 \v 6 Ergamaan Mootii Waan Maraa isaan ari'uun \q2 karaan isaanii dukkanaa fi mucucoo te'uu ti. \b \q1 \v 7 Isaan sababa tokko malee \q2 tiyyoo dhossa'aan naaf afanee, \q2 na qabiisaaf boolla qotaneeran. \q2 \v 8 Adoo hin beekin \q2 badiin isaan irratti dhuttuu ti. \q2 Tiyyoon isaan dhossane \q2 isaanuma qadduu ti; \q2 Boolla qotane keessa bu'anee badanuu ti. \q1 \v 9 Lubbuun tiyya \q2 Mootii Waan Maraatiin hin gammaddi; \q2 fayyisiisa isaatiin gammaddee firinxiixxi. \q1 \v 10 Gadhaa kiyya tokkochaan, \q2 «Ee Mootii Waan Maraa, \q2 dadhaboolee \q2 worra guddoo jajjabaa harkaa, \q2 dadhaboole'ee fi hiyyeeyyiille \q2 saantota harkaa ka baasu \q2 ka akka keetii eennu?» jedha. \q1 \v 11 Dhugaa baatoti dharaa natti ka'ane; \q2 marroo waan ani hin beennee na gaafatane. \q1 \v 12 Qofi-galeessa na godhanee \q2 waan dansaa ani godheef, \q2 hantuu naaf deebisane. \q1 \v 13 Ani ammoo yennaa isaan dhibamane, \q2 woyaa gaddaa uffadhe; \q2 laamiisaan ifi rakkise; \q2 daadimati kiyyalle deebii dhabee, \q2 \v 14 akka waan jaalaaf \q2 yookiin obboleessaaf gadduutitti gadde; \q2 akka nama haadha ifiitiif bowuu, \q2 mataa gad qabadhee bowe. \b \q1 \v 15 Yennaa ani gufadhe ammoo, \q2 isaan gammadane; \q2 dedhuma dhufanee \q2 sababa malee arrabaan na kukkutane. \q1 \v 16 Akkuma worri Waaqa malee le'u godhu, \q2 natti murgane; \q2 ilkaan natti ciniinnatane. \b \q1 \v 17 Ee Gootta'a, \q2 haga yoomii cadhittee na ilaalta? \q2 Worra na miidhu, \q2 ka akka neenqaa kana jalaa na baasi. \q1 \v 18 Achiin duuba ani kolbaa teeti keessatti \q2 si hin galateeffadha; \q2 kolbaa bacaa keessatti si hin leellifadha. \q1 \v 19 Worri akkasumaan diina natti te'u, \q2 natti hin gammadin; \q2 worri akkasumaan na jibbu \q2 na irratti ilaan wolitti hin qiphifatin. \b \q1 \v 20 Isaan dubbii nageyaa hin dubbatanu; \q2 worra biyya keessa nageyaan le'u irratti \q2 dubbii dharaa yaadanee qopheessan. \q1 \v 21 Isaan, «Baga waan ati hujje dhaggine!» jedhaa, \q2 afaan natti banan. \q1 \v 22 Ee Mootii Waan Maraa, ati tana dhaggiteerta, \q2 hin cadhisin! \q2 Ee Gootta'a, na irraa hin fagaatin! \q1 \v 23 Ee Gootta'a, Waaqa kiyya dammaqi! \q2 Na irraa dhooggiisaaf ka'i! \q2 Haajaa kiyyaaf loli. \q1 \v 24 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya, \q2 balchummaa teetiin naaf muri; \q2 diinoti kiyya natti hin gammadin. \q1 \v 25 Isaan, «Halchaa gadhaa keennaa \q2 baga dhagganne! \q2 Nuuti ijjumaa isa balleessineerra» hin jedhin. \b \q1 \v 26 Worri rakkinna kiyyatti gammadu marti \q2 fokkifatanee qaanowanuu ti; \q2 worri na irratti ifi saadu marti \q2 fokko'oo fi salphinna uffatuu ti. \b \q1 \v 27 Worri muraa haqaa \q2 dhaggatiisa kiyyatti gammadu marti \q2 gammadaan ilillisanuu ti; \q2 isaan «Mootiin Waan Maraa gudda'a! \q2 Inni yennaa tajaajilaan nageya dhaggatu \q2 hin gammada!» jedhanuu ti. \q1 \v 28 Arrabi kiyya balchummaa teetii dubbataa, \q2 guyyaa guutuu si hin leellisa. \c 36 \s1 Hammeenna Namaatii Fi Arjummaa Waaqaa \s2 Faaruu Daawitii tajaajilaa Mootii Waan Maraa, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Cubbuun nama hamaa gadhaa ifii keessatti \q2 hammeenna akka yaadatu gooti; \q2 Inni ijjumaa Waaqa hin sodaatu. \q1 \v 2 Inni yakkaa ifii dhaggee akka hin jibbine, \q2 ifumaan ifi sossoba. \q1 \v 3 Dubbiin afaan isaa hammeennaa fi \q2 dharaan guutanteerti; \q2 inni qarumma'aan hujiisaa fi \q2 waan dansaa godhiisa lakkiseera. \q1 \v 4 Inni rifanoo irra adoo jiruu hantuu yaadata; \q2 karaa hamaa ideema; \q2 waan hantuu hin didatu. \b \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 jaalalli keeti ka bara baraa haga ol-gubba'aa, \q2 addatamummaan teetille \q2 haga duumensaa hin dhaqqaddi. \q1 \v 6 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 balchummaan teeti akka gaarota gugurda'aa ti; \q2 muraan teeti akka gad fageenna abbaaya'aa ti; \q2 ati namaa fi horii, \q2 bineensalle hin eedda. \q1 \v 7 Ee Waaqa, jaalalli keeti ka bara baraa \q2 attam attam ka gatii guddoo qabu! \q2 Kolbaan marti gaaddisa koola keetii jalatti baqatti. \q1 \v 8 Isaan sagalee bacaa mana keetii nyaatan; \q2 ati laga keeti gammachiisaa irraa \q2 bisaan isaaniif kennita. \q1 \v 9 Ati madda jiru'uu ti; \q2 nuuti ifa keetiin ifa dhaggina. \b \q1 \v 10 Worra si beekuuf, jaalalli keeti ka bara baraa, \q2 worra gadhaa-qajeela'aatiif \q2 balchummaan keeti irraa hin citin. \q1 \v 11 Miilli worra kooruu na hin dhiitin, \q2 harki worra hamaaleyyi'ii na hin ari'in. \q1 \v 12 Worri hamaaleyyiin attam akka jigane ilaali; \q2 isaan jiganeeran, ka'uu hin dande'anu. \c 37 \s1 Hiree worra Balcha'aatii Fi worra hama'aa \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Sababa worra hama'aatiif hin aarin; \q2 worra cubbuu huju hin hinaafin. \q1 \v 2 Isaan akka marraa ariifatanee hin gogan; \q2 akka baala bisile'ee hin qooran. \q1 \v 3 Mootii Waan Maraatitti addadhuu waan dansaa godhi; \q2 biyya keessa nageyaan le'i. \q1 \v 4 Mootii Waan Maraatitti gammadi; \q2 inni halchaa gadhaa keetii si'iif hin kenna. \q1 \v 5 Karaa keeti Mootii Waan Maraatitti kennadhu; \q2 isa addadhu; innille si'iif hin milkeessa. \q1 \v 6 Inni balchummaa teeti akka ifaa, \q2 haqa haajaa keetii akka aduu saafowaa hin godha. \b \q1 \v 7 Mootii Waan Maraa duratti cadhisiitii, \q2 ossaan isa eeggadhu; \q2 worra hamaaleyyii \q2 yaad hamaan isaanii toleef itti hin aarin. \b \q1 \v 8 Aarii irraa ifi dhooggi; mufii irraa deebi'i. \q2 Aariin gara hammeennaa qofa si geessitii, hin aarin. \q1 \v 9 Worri hamaaleyyiin hin badan; \q2 Worri Mootii Waan Maraa eegatu ammoo \q2 lafa hin dhaalan. \b \q1 \v 10 Nami hamaan yennaa diqqo'oon duuba, \q2 achitti hin dhaggamu. \q2 Ati isa hin barbaadda, ammoo hin dhaggitu. \q1 \v 11 Worri gad ifi qabu lafa hin dhaalan; \q2 nageya gudda'aan hin gammadan. \q1 \v 12 Nami hamaan nama balchaa irratti mala dhowa; \q2 ilkaan itti ciniinnatta. \q1 \v 13 Guyyaan nami hamaan sun badu \q2 akka dhufaaru waan beekuuf, \q2 Goottaan ammoo itti kolla. \b \q1 \v 14 Worri hamaaleyyiin, \q2 worra hiyyeeyyi'ii fi worra deega ijjeesiisaaf, \q2 worra qajeelaa qaliisaaf, \q2 shallaagaa ifii buqqifatan; \q2 guubeelle qopheeffatan. \q1 \v 15 Shallaagaan isaanii ammoo \q2 gadhuma isaanii hin woraana; \q2 guubeen isaaniille hin caccaddi. \b \q1 \v 16 Karra nama hama'aa hedduu caalaa, \q2 karra nama balcha'aa diqqoo woyya. \q1 \v 17 Hunni worra hamaaleyyi'ii hin caddi; \q2 worra balchoolee ammoo \q2 Mootiin Waan Maraa hin utuba. \q1 \v 18 Mootiin Waan Maraa \q2 worra komii hin qanne guyyuma guyya'aan eega; \q2 kennansi inni isaanii kenne \q2 haga bara baraa hin badu. \q1 \v 19 Isaan yennaa hantuu keessalle hin salphatanu; \q2 bara beelaalle hin quufan. \q1 \v 20 Worri hamaaleyyiin ammoo hin badan; \q2 diinoti Mootii Waan Maraalle \q2 akka marra diidaa hin dhumatan; \q2 isaan akka aaraa hin badan. \q1 \v 21 Nami hamaan liqaa hin deebisu; \q2 nami balchaan ammoo arjumma'aan kenna. \q1 \v 22 Worri Mootiin Waan Maraa eebbise lafa dhaalan; \q2 Worri Mootiin Waan Maraa abaare ammoo hin badan. \q1 \v 23 Mootiin Waan Maraa \q2 karaa namaatitti yennaa gammade, \q2 karaa isaaf akeekee, ijjata isaa jabeessa. \q1 \v 24 Mootiin Waan Maraa harka ifiitiin isa waan qabuuf, \q2 yoo gufatelle hin jigu. \q1 \v 25 Ani dur dargageessa; amma dulloomeera; \q2 ani Mootiin Waan Maraa nama balchaa gateeruun, \q2 yookiin ijoolleen isaa sagalee kadhattuun \q2 ijjumaa dhaggee hin beeku. \q1 \v 26 Nami balchaan yennaa mara arjumma'aan kenna; \q2 hin liqeessalle'e; \q2 sanyiin isaalle worra dhibi'iif eebba hin teeti. \b \q1 \v 27 Waan hantuu irraa deebi'ii, waan dansaa godhi; \q2 bara dheeraa hin leeta. \q1 \v 28 Mootiin Waan Maraa \q2 muraa dhuga'aa waan jaalatuuf, \q2 inni worra isaaf addatamu hin lakkisu. \q1 Inni haga bara baraa nageyaan isaan eega; \q2 sanyiin worra hamaaleyyi'ii ammoo hin baddi. \q1 \v 29 Worri balchooleen lafa hin dhaalan; \q2 lafa san keessalle bara dheeraa hin le'an. \b \q1 \v 30 Afaan nama balcha'aa qarummaa odeessa; \q2 arrabi isaa haqa dubbata. \q1 \v 31 Seerri Waaqaa qalbii isaa keessa jira; \q2 miilli isaalle hin fallaadu. \b \q1 \v 32 Nami hamaan nama balchaa riphee gaada; \q2 ijjeesiisaaf isa barbaada. \q1 \v 33 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 harka diinaatitti isa hin kennu; \q2 muraa dura yennaa dhikaate, \q2 yakkaan akka itti murantu hin godhu. \q1 \v 34 Mootii Waan Maraa addi'iin eegadhu; \q2 karaa isaalle eegadhu; \q2 inni lafa si dhaalchisiisaaf ulfinna si'iif hin kenna; \q2 badii worra hamaaleyyi'iille hin dhaggita. \q1 \v 35 Ani nama hamaa hunnaan nama irratti ka'u \q2 ka akka muka lafa itti toltu irra jiruu tokko \q2 dagaageeruun dhagge. \q1 \v 36 Eega san yennaa achiin dabaru, adde'ee dhabe; \q2 ani isa barbaade, \q2 ammoo isa dhagguu hin dandeenne. \b \q1 \v 37 Nama komii hin qanne ilaali; \q2 nama balchichaa hubadhu; \q2 nama nageellicha muummeen isaa hin baddu. \q1 \v 38 Cubbaaleyyiin ammoo ijjumaa hin badan; \q2 muummeen isaaniille hin baddi. \b \q1 \v 39 Mootiin Waan Maraa balchoolee hin baasa; \q2 yennaa rakkinnaa addeen isaan itti baqatanu isa. \q1 \v 40 Isaan Mootii Waan Maraatitti waan baqatanuuf, \q2 inni isaan qarqaaree, isaan baasa; \q2 inni harka worra hamaaleyyi'ii irraa \q2 isaan baasee, isaan hambura. \c 38 \s1 Daadimata Yennaa Rakkinnaa \s2 Faaruu Daawitii ta akka Waaqi isa qaabatuuf faarfatante. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin; \q2 mufi'iin na hin adabin. \q1 \v 2 Daayi keeti na woraaneera; \q2 harki keeti gad na qabe. \q1 \v 3 Sababa mufii teetiitiif, nafi kiyya dhibameera; \q2 sababa cubbu'uutiif, lafeen tiyya fayyaa hin qaddu. \q1 \v 4 Yakkaan tiyya mataa kiyya irra dabarteerti; \q2 isiin akka ba'a'aa guddoo natti ulfaatteerti. \b \q1 \v 5 Sababa gowwummaa tiyyaatiif, \q2 madaan tiyya shantee ajootti. \q1 \v 6 Ani gad jedhee, guddoo gugguufe; \q2 guyyaa guutuu bowaa daaqe. \q1 \v 7 Hidhi kiyya waan na o'eef, \q2 nafi kiyya fayyaa hin qabu. \q1 \v 8 Ani dadhabee, ijjumaa bututeera; \q2 gadhaan waan na raafameef aada. \b \q1 \v 9 Ee Goottaa kiyya, ati halchaa tiyya mara beetta; \q2 aadiisi kiyya si duraa dhokatee hin jiru. \q1 \v 10 Onneen tiyya na dhowatti; hunni tiyya na laatteerti; \q2 ilti tiyyalle dhagguu dhaddeerti. \q1 \v 11 Jaaloti tiyyaa fi lansooti kiyya \q2 sababa madaa tiyyaatiif na irraa baqatane; \q2 firri kiyyaayyuu na irraa fagaatane. \q1 \v 12 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu tiyyoo natti afan; \q2 worri na miidhiisaaf barbaadu \q2 na balleessiisaaf mari'atan; \q2 isaan guyyaa guutuu mala natti dhowan. \b \q1 \v 13 Ani ammoo akka nama gurra duudee, hin dhage'u; \q2 akka nama afaan duudee, hin dubbadhu. \q1 \v 14 Dhugumaan, ani akka nama hin dhageennee, \q2 akka nama deebii deebisuu hin dandeennee ti. \b \q1 \v 15 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani ammoo addi'iin si eegadha; \q2 Ee Goottaa Waaqa kiyya, \q2 atille deebii naaf hin kennita. \q1 \v 16 Ani, «Worri yennaa miilli kiyya mucucaatu na irratti kooru, \q2 akka isaan natti gammadanu hin godhin!» jedhe. \q1 \v 17 Ani jiguu geyeera; \q2 yennaa mara ani dhibee woliin jira. \b \q1 \v 18 Yakkaa tiyya hin faaci'adha; \q2 cubbuu tiyyaaf gadda. \q1 \v 19 Diinoti kiyya hunnaameyyiin baca'a; \q2 worri sababa malee na jibbu heddu'u. \q1 \v 20 Yennaa ani waan dansaa huju \q2 waan hantuu naaf deebisan; \q2 yennaa ani waan dansaa hordofu \q2 isaan na morman. \b \q1 \v 21 Ee Mootii Waan Maraa, na hin lakkisin; \q2 Waaqa kiyya, na irraa hin fagaatin. \q1 \v 22 Ee Goottaa fayyisaa kiyya, \q2 na qarqaariisaaf ariifadhuu koy. \c 39 \s1 Jiruu Namaa Gabaadduu \s2 Faaruu Daawitii, Sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf. \r (1 Dab. 25:1,3) \q1 \v 1 Ani, «Arraba kiyyaan cubbuu akka hin dubbanne \q2 lafa dhaqu maratti ifi hin eegadha; \q2 haga nami hamaan na bira jiru, \q2 ani womaa hin dubbadhu» jedheera. \q1 \v 2 Jecha tokkolle hin dubbatinuu cadhise; \q2 marroo waan dansa'aalle hin dubbanne; \q2 rakkinni kiyya ammoo guddataatuma ideeme. \q1 \v 3 Gadhaan kiyya na gubatee, \q2 yaada kiyya keessatti ibiddi gabbate; \q2 achiin duuba ani arraba kiyyaan dubbadhee, \q1 \v 4 «Mootii Waan Maraa kiyya, dhuma jiruu tiyyaa, \q2 barri jiruu tiyyaa hagam akka te'e natti himi; \q2 ani jiruun tiyya \q2 attam ariifattee dabariisatti akka jirtu beekuu ti!» jedhe. \b \q1 \v 5 Ati bara jiruu tiyyaa taakkuu takkaa goote; \q2 barri jiruu tiyyaa \q2 si duratti woyitti hin laakkowamu. \q1 Dhugumaan jiruu nama maraatuu \q2 akka baafata hafuuraa tokkochaa ti. \q1 \v 6 Dhugumaan nami akka gaaddisaa ti. \q1 Inni akkanumaan elowa; \q2 karra tuulata; ammoo ka isii fudhatu hin beeku. \b \q1 \v 7 Goottaa kiyya, amma ani maan eegadha ree? \q2 Addiin tiyya si'i. \q1 \v 8 Cubbuu tiyya mara jalaa na baasi; \q2 worri gowwooleen akka natti murganu hin godhin. \q1 \v 9 Akka akkana rakkadhu ka godhe si waan teeteef, \q2 ani hin cadhisa; afaan kiyya hin saaqadhu. \q1 \v 10 Dhowicha harka keetiitiin dadhabeera; \q2 dhowicha keeti na irraa kaasi. \q2 \v 11 Ati sababa yakkaa isaatiif, \q2 nama xixxee hin adadda; \q2 akka waan qu'een nyaattee \q2 karra isaa hin balleessita. \q2 Dhugumaan nami akka baafata hafuura tokkochaa ti. \b \q1 \v 12 Ee Mootiin Waan Maraa, \q2 daadimata kiyya naa dhage'i; \q2 iyya tiyyalle caqasi; \q2 imimmaan tiyyatti hin cadhisin. \q1 Ani si duratti alaga'a; \q2 akkuma abbootii tiyya ta durii keessumma'a. \q1 \v 13 Gara hin deebinetti, gara du'aa adoo hin deemin, \q2 gammada diqqaa akka dhaggadhu, \q2 nyaara guurtee na hin ilaalin. \c 40 \s1 Faaruu Leellisaa \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ani ossaan Mootii Waan Maraa eegadhe; \q2 innille gara kiyya deebi'ee iyya tiyya dhage'e. \q1 \v 2 Inni boolla caffa'aa, \q2 linxixxoo dhoqqe'ee keessaa na baase. \q1 Inni miila kiyya rassaa irra dhaabbachiisee, \q2 addee jadduu ani ideemu naa kenne. \q1 \v 3 Inni faaruu haareya \q2 leellisa Waaqa keennaa afaan kiyya keessa keye. \q1 Worri hedduun tana dhagganee isa sodaatanee, \q2 Mootii Waan Maraatitti addatan. \b \q1 \v 4 Nami Mootii Waan Maraatitti addatu, \q2 gara worra koorameeyyi'iitii fi, \q2 dharaameyyi'ii deebi'iisaan ka itti hin addanne, \q2 ka gammade. \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, \q2 baasa hedduu nuu gooteerta; \q2 ka akka keetii hin jiru! \q2 Ati waan baasaa nuu yaadatteerta. \q1 Laakkossi waan kanaa guddoo baca'a; \q2 ani ijjumaa odeessee fixee hin dande'u. \b \q1 \v 6 Ati ciinca'aa fi kennansa hin barbaaddu; \q2 horiin addee ciinca'aa irratti akka ciinceffamu, \q2 yookiin ciincaa araara cubbu'uu hin barbaaddu. \q1 Tanaa manna, gurra sii dhage'u naaf kenniteerta. \q2 \v 7 Tanaaf anille, «Marroo tiyyaaf \q2 kitaaba maramaa keessatti akkuma barreeffante, \q2 kunoo, ani dhufeera; \q1 \v 8 Waaqa kiyya, \q2 ani fedhii teeti muummessuu halcha; \q2 seerri keeti gadhaa kiyya keessa jira» jedhe. \b \q1 \v 9 Ani wolde'a guddicha keessatti, \q2 balchummaa teeti odeessa. \q2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 akkuma ati beettu ani odeessuu ijjumaa hin lakkisu. \q1 \v 10 Ani balchummaa teeti gadhaa kiyya keessatti \q2 hin dhossine; \q2 ani addatamummaa teetii fi \q2 fayyisiisa keeti odeesseera. \q1 Wolde'a keeti guddicha duraa \q2 jaala keeti ka bara baraatii fi \q2 addatamummaa teeti hin dhossine. \b \q1 \v 11 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati marartii teeti na hin dhooggatin; \q2 jaalalli keeti ka bara baraatii fi addatamummaan teeti \q2 yennaa mara na eeganuu ti. \q1 \v 12 Rakkoon hedduun haga hin qanne na marsiteerti; \q2 haga ani woy dhagguu dadhabutti, \q2 cubbuun tiyya na liqinsiteerti; \q2 cubbuun tun rifeensa mataa kiyyaa caalti; \q2 anille jajjabaatiisa dadhabeera. \q1 \v 13 Ee Mootii Waan Maraa, maganne'ee na baasi; \q2 na qarqaariisaaf ariifadhuu koy. \q1 \v 14 Worri na ijjeesiisa barbaadu marti \q2 fokkifatanee qaanowanuu ti. \q1 Worri miidhama kiyya halchu marti \q2 salphinnaan gara duuba deebi'anuu ti. \q1 \v 15 Worri, «Baga, baga» naan jedhu, \q2 fokkoo ifiitiin nayanee goganuu ti. \q1 \v 16 Worri si barbaadu marti ammoo \q2 si'itti gammadanee ilillisanuu ti; \q1 Worri fayyisiisa keeti jaalatanu marti \q2 yennaa mara, \q2 «Mootiin Waan Maraa gudda'a!» jedhanuu ti. \q1 \v 17 Akka kiyyatti, ani rakkata'a; dadhabaalle'e; \q2 Gootta'a na hin dedhin. \q1 Ka na qarqaaruu fi ka na baasu si'i; \q2 Ee Waaqa kiyya, hin turin. \c 41 \s1 Daadimata Yennaa Dhibe'ee \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Nami worra hiyyeeyyi'iif yaadu ka gammade; \q2 guyyaa rakkinnaa, Mootiin Waan Maraa isa hin baasa. \q1 \v 2 Mootiin Waan Maraa isa hin eega; \q2 jiruulle'een isa hin leesisa; \q2 inni lafa irratti isa hin gammachiisa; \q2 halchaa diinotaatiifille dabarsee isa hin kennu. \q1 \v 3 Taqee inni dhibamee irra jiru irratti \q2 Mootiin Waan Maraa isa hin qarqaara; \q2 fayyisee taqee dhibo'oo irraa isa hin kaasa. \b \q1 \v 4 Ani akka kiyyatti, «Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani waan si yakkeef, \q2 na marariitii, dhibee irraa na fayyisi» jedheera. \q1 \v 5 Diinoti kiyya waan hantuu na irratti dubbatanee \q2 «Inni yoom du'a? \q2 Maqaan isaa yoom bada?» jedhan. \q1 \v 6 Worri na ilaaliisaaf dhufu, \q2 dubbii sobaa haasowan; \q2 gadhaa ifiititti waan hantuu qabatanee, \q2 yennaa gad bayane, isii odeessan. \q1 \v 7 Worri na jibbu marti \q2 marroo tiyya wolitti hasaasan; \q2 isaan waan hantuu na irratti yaadaa, \q1 \v 8 «Dhukkubi hamaan isa qabeera; \q2 inni addee irkate sanii deebi'ee hin ka'u» jedhan. \q1 \v 9 Jaalli kiyya ka natti dhikaatuuyyuu, \q2 ka ani itti addadhu, \q2 ka sagalee na woliin nyaate, na irratti ka'eera. \b \q1 \v 10 Ee Mootii Waan Maraa, ati na marari; \q2 diinota kiyya akka ani haluu bayu, \q2 dhibee tiyya irraa ol na kaasi. \q1 \v 11 Diinoti kiyya injifachaa na irratti waan hin dhaggatiniif, \q2 akka ati natti gammadde ani tanaan beeka. \q1 \v 12 Sababa dhugaamessummaa tiyyaatiif, \q2 ati na hin qarqaarta; \q2 fuula keeti dura haga bara baraa na hin jiraachitta. \b \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii \q2 bara baraa haga bara baraa leellifamuu ti! \q1 Ameen! Ameen! \c 42 \ms Kitaaba Lammeesso'oo \mr (Far. 42—72) \s1 Daadimata Nama Booji'amee \s2 Wolaloo ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Akkuma gadansi bisaan yaa'u dharra'u, \q2 Ee Waaqa, anille si dharra'a. \q1 \v 2 Lubbuun tiyya Waaqa, \q2 Waaqa jiraataa dheebotti; \q2 ani yoom dhaqee fuula isaa \q2 dhagguu dande'a ree? \q1 \v 3 Kolbaan yennaa mara, \q2 «Waaqi keeti meet?» waan naan jettuuf, \q2 halkanii fi guyyaa imimmaan sagalee tiyya teeteerti; \b \q1 \v 4 Ani gumii san woliin, \q2 gumii jila jilifattu woliin, \q2 ililleetti'ii fi faaruu galataatiin, \q2 gogeessaan sooressaa \q2 gara Galma Waaqaa attam akka deeme yennaa qaabadhu, \q2 gadhaan kiyya gaddaan na bada. \q1 \v 5 Ee lubbuu tiyya maaf gaddita? \q2 Na keessatti maaf jeeqanta? \q1 Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf, \q2 Waaqa keetitti addii godhadhu. \b \q1 \v 6 Lubbuun tiyya na keessatti gadditeerti; \q2 tanaaf ani lafa Yordaanosiitii fi \q2 kooba Hermoonii irraa, \q2 gaara Mizaarii irralle'ee si qaabadha. \q1 \v 7 Shookkessa gootuu teetiitiin \q2 qileen qilee waanti; \q2 hunni guddoon danbalii teetii na gubbaa yaate. \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa guyyaa mara \q2 jaalala ifii ka bara baraa mudhisa; \q2 anille halkan faaruu isaaf dhikeessa; \q2 gara Waaqa jiruu tiyyaa daadimadha. \q1 \v 9 Ani Waaqa rassaa kiyyaan, «Ati maaf na deete? \q2 Diinoti kiyya waan na cunqursaneef, \q2 ani maaf bowaa ideema?» jedha. \q1 \v 10 Diinoti kiyya yennaa mara, «Waaqi keeti meet?» jedhiisaan na arrassaa lafee na cassan. \b \q1 \v 11 Ee lubbuu tiyya maaf gaddita? \q2 Na keessatti maaf jeeqanta? \q1 Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf, \q2 Waaqa keetitti addii godhadhu. \c 43 \s1 Daadimata Nama Booji'amee \d (Faaruu 42 irraa itti fufe) \q1 \v 1 Ee Waaqa, naaf muri; \q2 worra si'itti hin dhugeeffanne duratti naaf falmi; \q2 worra dharaameyyi'ii fi hamaaleyyii jalaa na baasi. \q1 \v 2 Ati Waaqa ani itti baqadhu; \q2 ati maaf na lakkitte ree? \q1 Ani diinota kiyyaan cunqurfamee \q2 maaf bowaa ideema ree? \q1 \v 3 Ifa keetii fi dhugaa teeti ergi; \q2 isaan na sooressaa gara kooba teeti woyyitti'ii \q2 gara Galma ati keessa leetuu na fidanuu ti. \q1 \v 4 Achiin duuba ani gara addee ciinca'aa ta Waaqaa \q2 gara Waaqa itti gammaduu hin dhaqa; \q2 ee Waaqa, Waaqa kiyya, \q2 ani kiraara kiyya guddichaan si leellisa. \b \q1 \v 5 Ee lubbuu tiyya maaf gaddita? \q2 Na keessatti maaf jeeqanta? \q1 Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf, \q2 Waaqa keetitti addii godhadhu. \c 44 \s1 Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate \s2 Wolaloo Ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ee Waaqa, \q2 nuuti gurra keennaan dhageenneerra; \q2 abbootiin teenna ta durii bara ifii keessatti \q2 waan ati hujje nutti himaneeran. \q1 \v 2 Ati harka keetiin gosa biyya adda addaa \q2 lafa keessaa ariitee baattee, \q2 abbootii teenna ta durii \q2 lafa isaanii keessatti qubachiitte. \q1 Gosa biyya adda addaa dhibii balleessitee, \q2 abbootii teenna ta durii horsiitte. \q1 \v 3 Isaan shallaagaa ifiitiin lafa san hin qabanne; \q2 isaan hunna ifiitiin hin injifanne; \q2 ati waan isaan jaalatteef, \q2 harki keeti middichi, irreen teetii fi \q2 ifi fuula keetii tana isaaniif kenne. \q1 \v 4 Ee Waaqa, ati mooticha kiyya; \q2 kolbaa sanyii Yaaqoobiitiif injifachaa ka kennitu si'i. \q1 \v 5 Hunna teetiin diinota keenna hin injifanna; \q2 maqaa keetiin worra nu irratti ka'u irra sirbina. \q1 \v 6 Ani guubee tiyyatti hin addadhu; \q2 shallaagaan kiyyalle injifachaa naaf hin kennu. \q1 \v 7 Ati ammoo diinota keenna irratti \q2 injifachaa nuuf kennitee, \q2 worra nu jibbu qaanessite. \q1 \v 8 Nuuti guyyaa mara si Waaqaan ifi jajanna; \q2 maqaa keetille haga bara baraa hin leellifanna. \b \q1 \v 9 Amma ammoo ati nu gattee nu salphitteerta; \q2 loltoota teenna woliin duulaaf hin baatu. \q1 \v 10 Diinota keenna duraa \q2 akka baqannu nu gooteerta; \q2 nyaaphoti keenna nu saamaneeran. \q1 \v 11 Ati akka hoolota qalantuu \q2 dabarsitee nu kennitee, \q2 gosa biyya adda addaa oddu'utti \q2 nu bittinneessiteerta. \q1 \v 12 Ati kolbaa teeti gatii diqqo'otti gurgurte; \q2 gurgurama isaanii irraa \q2 bu'aa womaa hin dhagganne. \q1 \v 13 Ati cooraa gosa ollaa keennaa, \q2 murgo'oo fi kolla worra adaala keenna jiruu nu goote. \q1 \v 14 Ati gosa biyya adda addaa oddu'utti \q2 mammaassa nu goote; \q2 isaan tuffi'iin mataa nutti raasan. \q1 \v 15 Guyyaa mara salphinni kiyya naan dura jira; \q2 fuulli kiyya qaanii uffateera. \q1 \v 16 Dubbii worra natti murguutii fi cooruutiif, \q2 sababa diinota worra haluu na bayuu tun teete. \b \q1 \v 17 Nuuti adoo si hin dedhin, \q2 gondooroo teetille adoo hin diigin, \q2 wonni kun marti nu dhaqqadde. \q1 \v 18 Gadhaan keenna gara duubaa hin deebine; \q2 miilli keenna daandii teeti irraa hin fallaanne. \q1 \v 19 Ati ammoo addee jeedalti leetutti nu caccassiteerta; \q2 dukkana dimmalle nutti uffitteerta. \b \q1 \v 20 Nuuti maqaa Waaqa keennaa adoo deenee jiraannee, \q2 harka keenna gara Waaqa ormaa \q2 adoo badhifannee jiraannee, \q1 \v 21 Waaqi dhossaa waan maraa beeku, \q2 silaa tana qorqoree bira hin gewuu ree? \q1 \v 22 Teetuu malee, nuuti guyyaa mara \q2 si'iif jennee ijjeefanna; \q2 akka hoolee qalantuu laakkowanneerra. \b \q1 \v 23 Goottaa kiyya, dammaqi! Maaf ratta? \q2 Ka'i! Haga bara baraa nu hin gatin. \q1 \v 24 Ati maaf fuula keeti dhoffatta? \q2 Rakkoo teennaa fi cunqurfama keenna maaf deeta? \q1 \v 25 Lubbuun teenna bukuu keessa gad lixxeerti; \q2 nafi keennalle lafatti maxxaneera. \q1 \v 26 Ka'i! Nu qarqaar. \q2 Jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii nu wodi. \c 45 \s1 Faaruu Fuudha Mootichaa \s2 Wolaloo ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, faaruu ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante. \q1 \v 1 Dubbiin dansaan gadhaa kiyya guuttee dhangalaati; \q2 wolaloo tiyya mootichaaf hin dhageessisa; \q2 arrabi kiyya akka feenii nama woy barreessiisaan beekkamee ti. \b \q1 \v 2 Ati ilmaan namaa mara caalaa miidhaga'a; \q2 dubbiin teeti arnya qaddi; \q2 tanaaf Waaqi haga bara baraa si eebbiseera. \q1 \v 3 Ee mooticha janna, \q2 ka ulfinnaa fi arnya qaddu, \q2 shallaagaa keeti hidhadhu. \b \q1 \v 4 Marroo dhuga'aa, marroo gadhi-laafumma'aa fi \q2 balchumma'aatiif, \q2 arnya keetiin injifatiisaaf ka'i; \q2 harki keeti middichi \q2 injifachaa gugurdoo dhaggisiisuu ti. \q1 \v 5 Daayi keetii ka qarame, \q2 gadhaa diina keetii hin woraana; \q2 gosi biyya adda addaa miila keeti jalatti hin jigan. \b \q1 \v 6 Ee Waaqa barcumaan mootumma'aa keeti, \q2 ka bara baraa ti; \q2 uleen bokku'uu teetille ulee bokku'uu ta haqaa ti. \q1 \v 7 Ati balchummaa jaalattee, \q2 hammeenna jibbite; \q2 tanaaf Waaqi, Waaqi keeti zayitii gammadaa si muudee, \q2 hari'aa teeti akka caaltu si godhe. \q1 \v 8 Woyaan fiqiree qumbii, hargiisaa fi \q2 dakkara irraa hujanteen fiqqitti. \q2 Mana mootumma'aa ka ilka arbaatiin seefame keessaa \q2 qoonqoon kiraara guddichaatii fi \q2 maseenqo'oo si gammachiitti. \q1 \v 9 Dubartoota mana mootumma'aa keessa jiranu odduu, \q2 ijoolleen durraa ta moototaa jiran; \q2 giittittiin worqii biyya Ofiirii naqattelle \q2 gara harka keeti middaatiin dhaabbatti. \q1 \v 10 Ee intala dhage'i! \q2 Waan ani jedhu caqasi; \q2 kolbaa teetii fi mana abbaa keetii dedhi. \q1 \v 11 Mootichi miidhaginna keetiif si halcha; \q2 inni goottaa keeti waan te'eef, isa ulfeessi. \q1 \v 12 Kolbaan Xiiroosii kennansa sii fidan; \q2 worri dureeyyiin si'itti dhikaatiisaaf barbaadan. \q1 \v 13 Intalti mootichi fuudhaaru \q2 woyaa worqi'iin kuulante uffattee, \q2 kolloo ifii keessa jirti. \q1 \v 14 Woyaa kuula hedduu qaddu san uffattee, \q2 gara mootichaa geeffanti; \q2 durri bookarsitooti isi'ii \q2 isii gula gara mootichaa hin dhaqan. \q1 \v 15 Isaan ililleetti'ii fi gammadaan \q2 isii gula mana mootichaa hin seenan. \b \q1 \v 16 Ilmaan teeti addee abbootii teetii hin bu'an; \q2 ati lafa duudii akka bulchanu hin goota. \q1 \v 17 Ani dhaloota mara keessatti \q2 gurra keeti hin mudhisa; \q2 tanaaf gosi biyya adda addaa \q2 bara baraa haga bara baraa si leellitti. \c 46 \s1 Waaqi Nu Woliin Jira \s2 Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, ta qoonqoo durraatiin faarfatane. \q1 \v 1 Waaqi addee itti baqannu; \q2 inni hunna teenna; \q2 yennaa rakko'oo inni guddoo nu qarqaara. \q1 \v 2 Tanaaf latti yoo tachoote, \q2 gaarri gara qilee abbaaya'aa yoo bu'e, \q2 \v 3 bisaan yoo shookkisee hoomachowe, \q2 raafamiisa isaatiin \q2 gaaroti yoo hollatanelle nuuti hin sodaannu. \b \q1 \v 4 Lagi maddi isaa qachaa Waaqaa, \q2 addee woyyittii Waaqi Ol Aanaan le'u \q2 gammachiisu tokko jira. \q1 \v 5 Waaqi qachaa san keessa waan jiruuf, \q2 qachaan sun hin tacho'u; \q2 Waaqi barii ganama qachaa san hin qarqaara. \q1 \v 6 Gosi biyya adda addaa hogitte, \q2 mootummootille jidde; \q2 Waaqi qoonqoo ifii dhageessise, \q2 lattille baxxe. \b \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa \q2 Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira; \q2 Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu. \b \q1 \v 8 Kowa'aatii, hujii Mootii Waan Maraa, \q2 badii inni lafa irratti fide ilaala'a. \q1 \v 9 Inni lola biyya lafaa irraa hin dhaabbachiisa; \q2 guube'ee fi eboo hin caccassa; \q2 wonteelle ibiddaan hin guba. \q1 \v 10 Inni, «Cadhisa'aa, ani Waaqa akka te'e beeka'a; \q2 ani gosa biyya adda addaa oddu'utti, \q2 biyya lafaa irralle'etti hin saadama» jedha. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa \q2 Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira; \q2 Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu. \c 47 \s1 Waaqi Biyya Lafaa Irratti Mooti'i \s2 Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Gosi biyya adda addaa marti, \q2 harka keessan dhowa'a; \q2 qoonqoo ol qabadha'aatii, \q2 Waaqaaf ilillisa'a. \q1 \v 2 Mootiin Waan Maraa Ol Aanaan ka sodaatame; \q2 inni lafa duudii irratti mootii gudda'a. \q1 \v 3 Inni kolbaa hedduu nu'uun jala godhe; \q2 gosa biyya adda addaa miila keenna jala galche. \q1 \v 4 Sanyii Yaaqoobii ta inni jaalatuuf koora ta teete, \q2 lafa nuuti dhaallu inni nu'uuf file; \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa Waaqi ililleetti'ii fi \q2 qoonqoo tultulla'aatiin ol bayeera. \q1 \v 6 Waaqa faaru'uun leellisa'a; leellisa'a; \q2 Mootii keenna faaru'uun leellisa'a; leellisa'a. \q1 \v 7 Waaqi mootii lafa duudi'ii waan te'eef, \q2 faaru'uun isa leellisa'a. \b \q1 \v 8 Waaqi gosa biyya adda addaa irratti mooti'i; \q2 Waaqi barcumaa mootumma'aa \q2 ka ifii woyyicha irra tee'eera. \q1 \v 9 Qondaaltoti gosa biyya adda addaa \q2 kolbaa Waaqa Abrahaamii woliin \q2 wolitti qabamaneeran; \q2 loltooti lafaa marti ka Waaqaa waan te'aneef, \q2 inni guddoo saadameera. \c 48 \s1 Qachaa Guddicha Waaqaa, Xiyoon \s2 Faaruu. Faaruu ilmaan Qoraahii. \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa gudda'a; \q2 qachaa Waaqa keennaa keessatti \q2 gaara woyyicha irratti \q2 guddoo leellifamuu qaba. \q1 \v 2 Gaarri Xiyoonii ka gara kaabaatitti dhaggamu, \q2 ka dheerinnaan miidhagu, \q2 qachaa mooticha gudda'aa, \q2 ka lafa duudii gammachiisu. \q1 \v 3 Waaqi mana mootumma'aa jabaa \q2 qachaa sanii keessa jira; \q2 inni kushee qachaa sanii akka te'e ifi mudhiseera. \q1 \v 4 Qachaa san loliisaaf, \q2 moototi wolitti qabamane. \q1 \v 5 Isaan akkuma dhagganeen maadeffatane; \q2 sodaatanee baqa kottee addeessane. \q1 \v 6 Achitti rommiis isaanitti dhufee, \q2 akka dubartii ciniinsifattuu muddamane. \q1 \v 7 Akka hoboloota gugurdoo Tarshiishii \q2 ta qilleensa gara aduun baatuutiin bututanuu te'ane. \b \q1 \v 8 Waaqi qachaa ifii \q2 haga bara baraa jabeessee akka dhaabu, \q2 akkuma dhageenne, \q2 akkasuma qachaa Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa Waan Mara Dadee, \q2 ka Waaqa keennaa irratti dhaggineerra. \b \q1 \v 9 Ee Waaqa, Galma keeti keessatti, \q2 jaalala keeti ka bara baraa yaadanna. \q1 \v 10 Ee Waaqa, akkuma maqaan keeti lafa duudii geye, \q2 leellisi keetille lafa duudii geyee, \q2 harki keeti middichi balchumma'aan guutameera. \q1 \v 11 Muraan teeti dhugaa waan teeteef, \q2 worri gaara Xiyoonii irra le'u gammaduu ti; \q2 worri qachoota Yihuda'aa keessa le'u firinxiixuu ti. \b \q1 \v 12 Qachaa Xiyoonii naannowaa ideemaa, \q2 adaala isaa mara'a. \q2 Xelleephoo isaa laakkowa'a. \q1 \v 13 Dalleya dhaka'aa ka isaa hubadha'a; \q2 kushee isaalle ilaala'a. \q1 Akka dhaloota dhufuun, \q2 \v 14 «Waaqi kun, haga bara baraa Waaqa keenna; \q2 inni haga du'aatitti nu sooressa» jettanu. \c 49 \s1 Gowwummaa Durumma'atti Addatiisaa \s2 Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Kolbaan marti tana dhage'a'a! \q2 Worri biyya lafaa tana keessa leetanu marti caqasa'a! \q1 \v 2 Gudda'aa fi diqqa'aan, \q2 dureessaa fi hiyyeessi caqasa'a. \q1 \v 3 Afaan kiyya jechoota qarumma'aa dubbata; \q2 yaad gadhaa kiyyaa hubantii kenna. \q1 \v 4 Ani gurra kiyya gara fakkeennaa deebifadha; \q2 hiibboo tiyya \q2 kiraaraan hiika. \b \q1 \v 5 Guyyaa wonni hantuun natti dhuttuu fi \q2 hamaaleyyiin sobaaleyyiin na marsanu \q2 ani maaf sodaadha? \q1 \v 6 Worra qabeenna ifiititti addatuu fi \q2 durummaa ifii guddo'oon kooru, \q2 ani maaf sodaadha? \q1 \v 7 Dhugumaan, nami nama wodu, \q2 yookiin gatii wodo'oo san \q2 Waaqaaf kennuu dande'u hin jiru. \q1 \v 8 Gatiin lubbuu namaa akka malee guddo'o; \q2 wonni silaa kaffaluu dande'anuuyyuu \q2 ijjumaa hin geettu. \q1 \v 9 Akka du'ee hin shanne, \q2 haga bara baraa akka le'u godhiisaaf \q2 ijjumaa hin geettu. \b \q1 \v 10 Qarooleen akka du'anu nami marti hin dhagga; \q2 gowwoole'ee fi daalleelle hin badan; \q2 qabeenna ifiille worra dhibi'iif lakkisan. \q1 \v 11 Lafa maqaa isaaniitiin waammantu yoo qabaatanelle, \q2 irreensi isaanii haga bara baraa mana isaanii hin te'a; \q2 dhalootaa haga dhalootaatitti addee leetoo isaanii hin te'a. \q1 \v 12 Durummaan du'a irraa nama hin hamburtu; \q2 nami akkuma hori'ii hin du'a. \q1 \v 13 Hireen worra gowwumma'aan ifitti addatuutii fi \q2 hordofattoota isaanii, \q2 ka waan isaan jedhanu fudhatuu tana. \q1 \v 14 Isaan kun akkuma hoole'ee hin du'an; \q2 duuti isaan hin tissiti. \q2 Worri qajeelaan ganamaan \q2 irreensa isaanii irra hin ideema; \q2 isaan mana ifii dansaa irraa fagaatanee, \q2 addee worri du'e jiru keessatti hin shaman. \q2 \v 15 Waaqi gara ifii waan na fudhatuuf, \q2 dhugumaan inni lubbuu tiyya \q2 hunna addee worri du'e jiruu jalaa hin woda. \b \q1 \v 16 Nami yennaa dureessa te'e, \q2 qabeenni mana isaa yennaa dabalame, \q2 hin sodaatin. \q1 \v 17 Inni yennaa du'u womaa hin fudhatu; \q2 karri isaa isa woliin hin awwaalamu. \q1 \v 18 Nami bara jiruu ifii mara gammadee, \q2 wonni marti isaaf teetee leellifamulle, \q2 \v 19 du'ee gara abbootii ifii ta durii, \q2 ta deebitee ifa hin dhagginee hin deema. \q1 \v 20 Nami karra qabaatee hubantii dhabe, \q2 akkuma hori'ii hin du'a. \c 50 \s1 Waaqonfannaa Dhuga'aa \s2 Faaruu Asaafii. \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa, \q2 Waaqi waaqotaa hin dubbata; \q2 baya adu'uu irraa haga seensa adu'uutitti, \q2 nama lafa irraa mara hin waama. \q1 \v 2 Gaara Xiyoonii, \q2 ka miidhaginna guutuu qabu irraa, \q2 Waaqi hin ifa. \b \q1 \v 3 Waaqi keenna hin dhufa; inni hin cadhisu; \q2 ibiddi gubu isa dura jira; \q2 hobonbolattiin jadduun cinaa isaa marsiteerti. \q1 \v 4 Inni kolbaa ifiititti muriisaaf, \q2 ol-gubbaa gubbaa jirtuu fi lafa waamee, \q1 \v 5 «Worra ciinca'aan na woliin gondoorate, \q2 ka naaf addatamane wolitti naaf qaba'a» hin jedha. \q1 \v 6 Waaqi abbaa mura'aa waan te'eef, \q2 ol-gubbaan balchummaa isaa lalladdi. \q1 \v 7 Ammalle Waaqi, «Kolbaa tiyya, dhage'a'a; \q2 Israa'el, ani si'i irratti dhugaa hin baya; \q2 ani Waaqi keeti, Waaqa. \q1 \v 8 Ani, ‹Ciincaa naa dhikeessitu dhabe› jedhee si hin komadhu; \q2 kennansi keeti ka gubamu yennaa mara fuula kiyya dura jira. \q1 \v 9 Ani moonaa teeti keessaa korommii, \q2 gooree teeti keessaa korbeeyyii re'e'ee \q2 fudhatiisaaf hin barbaadu. \q1 \v 10 Bineensoti baddaa keessaa marti, \q2 horiin kooba kuma hedduu irraa marti kiyya. \q1 \v 11 Ani sinbirroota gaara irraa mara beeka; \q2 wonni diida keessa munyuuqu marti tiyya. \b \q1 \v 12 «Biyyi lafaatii fi wonni isii keessaa marti \q2 tiyya waan teeteef, \q2 adoo beelowelle'ee ani sitti hin himu. \q1 \v 13 Ani foon korommi'ii nyaadhaa? \q2 Yookiin dhiiga re'e'ee unaa?» jedha. \q1 \v 14 Ciincaa galataa Waaqaaf dhikeessi; \q2 waadaa keeti Ol Aana'aaf muummessi. \q1 \v 15 Waaqi, «Guyyaa rakkinnaa na waami; \q2 ani si baasa; \q2 atille na hin ulfeessita» jedha. \b \q1 \v 16 Waaqi ammoo nama hama'aan, \q2 «Waan ajaja kiyyaatuu maaf dubbatta? \q2 Gondooroo tiyya maaf maqaa dhootta? \q1 \v 17 Ati adabamiisa jibbita; \q2 jechoota kiyya ifiin duubatti gatta. \q1 \v 18 Hattuu yennaa dhaggitu, jaala teetaaf; \q2 gaarayyeeffattoota wolille'een qooda qadda. \b \q1 \v 19 «Afaan keeti waan hantuu dubbata; \q2 arrabi keetille soba odeessa. \q1 \v 20 Teettee obboleessa keeti hamatta; \q2 ilma haadha teetii maqaa balleessita. \q1 \v 21 Ati waan kana goote; ani hin cadhisaa? \q2 Ani akkuma keeti te'e na seetaa? \q1 Amma ammoo waan ati goote sitti mudhisee, \q2 si xixa. \b \q1 \v 22 «Isin worri ana Waaqa deetanu, \q2 tana hubadha'a; \q2 tun te'uu dhabaannaan ani isin kukkuta; \q2 ka isin baasu hin jiru. \q1 \v 23 Nami ciincaa galataa naaf dhikeessu na ulfeessa; \q2 nama karaa qajeelaa deemuuf, \q2 fayyisiisa kiyya itti mudhisa» jedha. \c 51 \s1 Daadimata Araara Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Faaruu Daawiti sooressa faarfattootaatiif. Daawiti Baat-Sheebaa gaarayyeeffateen duuba yennaa raagichi Naataan gara isaa dhufe ta inni faarfate. \q1 \v 1 Ee Waaqa, \q2 sababa jaalala keeti ka bara baraatiif, \q2 na marari. \q1 Sababa gadhi-laafummaa teeti guddo'ootiif, \q2 yakkaa tiyya haxowii balleessi. \q1 \v 2 Yakkaa tiyya mara dhiqii balleessi; \q2 cubbuu tiyya irraa na qulqulleessi. \b \q1 \v 3 Ani yakkaa tiyya waan beekuuf, \q2 yennaa mara cubbuun tiyya \q2 fuula kiyya dura jirti. \q1 \v 4 Ani si irratti ka'ee, si qofa yakkee, \q2 waan hantuu si duratti godhe. \q1 Tanaaf dubbiin ati na irratti dubbatte dhuga'a; \q2 muraan ati natti murtelle haqa. \q1 \v 5 Dhugumaan ani cubbu'uun dhaladhe; \q2 yennaa haati tiyya na ulfoottuu ani cubbicha. \b \q1 \v 6 Ati keessa namaatitti dhugaa hin halchita; \q2 tanaaf, gadhaa kiyya ka dhossa'aa keessatti \q2 qarummaa na barsiisi. \q1 \v 7 Baala hisoophiitiin fiffixiitii, \q2 cubbuu irraa na qulqulleessi; \q2 anille hin qulqullowa; \q2 na dhiqi; anille dhakaa roobaa caalaa hin addaadha. \q1 \v 8 Ililleetti'ii fi gammada na dhageessisi; \q2 ati na caccassitee butuchitulle \q2 ani deebi'ee hin gammada. \q1 \v 9 Fuula keeti cubbuu tiyya irraa deebifadhu; \q2 yakkaa tiyya mara haxowii balleessi. \b \q1 \v 10 Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi; \q2 ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni. \q1 \v 11 Fuula keeti duraa na hin fageessin; \q2 Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin. \q1 \v 12 Gammada fayyisiisa keeti irraa dhufu san, \q2 adde'etti naaf deebisi; \q2 akka si'iif ajajamu na qarqaar. \q1 \v 13 Achiin duuba ani \q2 worra seera keeti yakku hin barsiisa; \q2 cubbaaleyyiille gara keeti hin deebi'an. \b \q1 \v 14 Ee Waaqa, Waaqa fayyinna kiyyaa, \q2 yakkaa dhiiga dhangalaasee jalaa na baasi\f + \fr 51:14 \fr*\fqa Yakkaa dhiiga dhangalaasee jalaa na baasi: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa dhiigi kiyya akka hin dhangalaane na baasi \fqa*\ft jedhamuu hin dande'ama.\ft*\f*; \q2 arrabi kiyya marroo balchummaa teetii \q2 gammadaan ilillisa. \q1 \v 15 Ee Gootta'a, afaan kiyya bani; \q2 anille arraba kiyyaan si hin leellifadha. \b \q1 \v 16 Ati adoo ciincaa jaalattu teetee, \q2 ani silaa si'iif hin dhikeessaayyu. \q2 Ati kennansa gubamutti hin gammaddu. \q1 \v 17 Ciincaan Waaqaaf dhikaattu yaada gad jedhe; \q2 ee Waaqa, ati yaada gad jedhee, \q2 cubbuu irraa deebi'u hin tuffattu. \q1 \v 18 Fedhii teetiin Xiyooniif waan dansaa godhi; \q2 dalleya dhaka'aa ka Yerusaalemii deebisii ijaari. \q1 \v 19 Achiin duuba ati ciincaa sirrii te'ee fi \q2 kennansa gubamutti hin gammadda; \q2 addee ciincaan itti ciinceffamu teeti irratti \q2 dardarooti hin dhikeeffaman. \c 52 \s1 Muraa Waaqaatii Fi Badhaadha Waaqaa \s2 Sooressa faarfattootaatiif, wolaloo Daawitii ta yennaa nami biyya Edoomii Do'eeg gara Saa'olii dhufee, «Daawiti gara mana Ahiimelekii dhufeera» jedhee isatti hime faarfate. \q1 \v 1 Nama hunnaamessa! \q2 Hantuu hujiisa keetiin maaf koorta? \q2 Jaalalli bara baraa ka Waaqaa \q2 haga bara baraa ti. \q1 \v 2 Ati ka soba baratte, \q2 mala badi'ii dhootta; \q2 arrabi keeti akka shiggire'ee ti. \q1 \v 3 Ati waan dansaa caalaa waan hantuu, \q2 dhugaa dubbii caalaa dhara jaalatta. \q1 \v 4 Ati nama sobaalessa! \q2 Dubbii nama miitu jaalatta. \b \q1 \v 5 Waaqi ammoo badii bara baraa sitti fidee, \q2 mana keeti keessaa butee si baasee, \q2 lafa worra jiraata'aa keessalle'ee si hin buqqisa. \q1 \v 6 Worri balchooleen \q2 waan kana dhagganee, hin sodaatan; \q2 achiin duuba sitti kollaa, \q1 \v 7 «Nama Waaqatti hin irkanne, \q2 ammoo bacinna karra ifiititti ka addatu, \q2 ka worra dhibii balleessiisatti jabaatu, \q2 kunoo ilaala'a!» hin jedhan. \p \v 8 Ani ammoo mana Waaqaa keessatti, \q2 akka muka ejersaa oshoba; \q1 Jaalala Waaqaa ka bara baraatitti \q2 bara baraan itti addadha. \q1 \v 9 Waaqa, marroo waan ati hujjeetiif, \q2 ani bara baraan si leellifadha. \q1 Worra si dhugeeffatu duratti, \q2 maqaa keeti dansaa san addi'iin eegadha. \c 53 \s1 Hammeenna Namaa \s2 Sooressa faarfattootaatiif, wolaloo Daawitii, ta akka yoyyoma, «Mahalaat» jedhamee beekkamutti faarfatante. \q1 \v 1 Gowwooleen gadhaa ifii keessatti, \q2 «Waaqi hin jiru» jedhan; \q2 isaan worra bada'a; \q2 waan gadhee hujan; \q2 isaan keessaa \q2 ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru. \q1 \v 2 Worra qaroolee Waaqa barbaadu, \q2 yoo jiraatane dhaggiisaaf, \q2 Waaqi ol-gubbaa irraa, \q2 gara ilmaan namaa gad ilaala. \q1 \v 3 Isaan ammoo martinuu dudda itti galaneeran; \q2 martinuu wolumatti worra badaa te'aneeran; \q2 isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru; \q2 tokkolle hin jiru. \b \q1 \v 4 Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu? \q2 Akkuma nami sagalee nyaatu \q2 worri kolbaa tiyya nyaatu, \q2 gara Waaqaa hin daadimatu. \b \q1 \v 5 Isaan addee wonni sodaatanu hin jirretti, \q2 sodaatanee bararaqan. \q1 Waaqi lafee diina kolbaa ifii hin bittinneessa; \q2 Waaqi waan isaan jibbeef, \q2 isin kolbaan Waaqaa isaan hin qaanessitan. \b \q1 \v 6 Xiyoon keessaa \q2 Israa'eliif fayyinni adoo dhufee jiraatee! \q2 Yennaa Waaqi boojuu kolbaa ifii deebisu, \q2 sanyiin Yaaqoobii burraaxxuu ti; \q2 kolbaan Israa'elii gammadduu ti. \c 54 \s1 Harka Diinaa Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate \s2 Wolaloo Daawitii, sooressa faarfattootaatiif, ta yennaa worri Ziifii gara Saa'olii dhaqee, «Daawiti nu biratti dhokateera» jedhee isatti hime ta meya ribu'uutiin faarfatante. \q1 \v 1 Ee Waaqa, maqaa keetiin na baasi; \q2 hunna teetiin dhugaa naaf muri. \q1 \v 2 Ee Waaqa, daadimata kiyya dhage'i; \q2 dubbii afaan kiyyaa caqasi. \q1 \v 3 Namooti alagaan natti ka'an; \q2 worri nama sodaachisu, \q2 na ijjeesiisaaf barbaadan; \q2 isaan marroo Waaqaa hin yaadanu. \q1 \v 4 Dhugumaan Waaqi qarqaarsa kiyya; \q2 Goottaan irkuu jiruu tiyyaa ti. \q1 \v 5 Wonni hantuun \q2 worra ila diinumma'aatiin na ilaalutti deebituu ti; \q2 ati addatamummaa teetiin isaan fixi. \q1 \v 6 Ani fedhuma tiyyaan ciincaa sii dhikeessa; \q2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 maqaan keeti dansaa waan te'eef, \q2 ani isa hin leellisa. \q1 \v 7 Ati rakkinna mara keessaa waan na baatteef, \q2 injifatamiisa diinota kiyyaa dhaggeera. \c 55 \s1 Jaalaan Diinatti Dabarfamanee Kennamuu \s2 Sooressa faarfattootaatiif, wolaloo Daawitii, ta meya ribu'uutiin faarfatante. \q1 \v 1 Ee Waaqa, daadimata kiyya dhage'i; \q2 gaaffii tiyya cadhittee hin ilaalin. \q1 \v 2 Ati na caqasii deebii naa kenni; \q2 ani rakkinna kiyyaan nageya dhabeera. \q1 \v 3 Diinoti kiyya natti iyyan; \q2 worri hamaaleyyiin na cunqursan. \q1 Isaan farra natti fidan; \q2 aari'iin na lolan. \b \q1 \v 4 Gadhaan kiyya na sodaateera; \q2 bararaqi du'aa natti bu'eera. \q1 \v 5 Soda'aa fi hollatiisi na qabataneeran; \q2 guddoo sheephiseera. \q1 \v 6 Ani adoo akka saphaliisaa koola qabaadhe, \q2 silaa koolaan ka'ee \q2 addee takkatti foorfadhaayyu. \q1 \v 7 Ani silaa fagoo ideemee, \q2 goomolee keessa turaayyu. \q1 \v 8 Hobonbolatti'ii fi bubbee bokkeyaa jalaa, \q2 silaa ariifadhee \q2 gara addee itti baqadhuu hin deemaayyu. \q1 \v 9 Ee Gootta'a, ani qachaa keessatti \q2 hunnaan wolitti ka'iisaa fi \q2 wol loliisa waan dhaggeef, \q2 arrabi isaanii akka wol irraa miliqu godhi; \q2 mala isaaniille balleessi. \q1 \v 10 Halkanii fi guyyaa, \q2 isaan dalleya qachaa sanii gubbaa maran; \q2 yakka'aa fi rakkinni qachaa san keessa jiran. \q1 \v 11 Qachaa san keessa addee mara badi'itti jira; \q2 dikkoo qachaa sanii keessaa \q2 cunqursa'aa fi sobatti guuteera. \b \q1 \v 12 Ka na arrassu diina kiyyaa moti; \q2 adoo diina kiyya te'ee, silaa hin ossadhaayyu. \q1 Ka natti kooru, nyaapha kiyyaa moti; \q2 adoo nyaapha kiyya te'ee, \q2 silaa duraa dhokadhaayyu. \q1 \v 13 Ka tana na godhe ammoo, \q2 nama hari'aa tiyyaa, \q2 si lansa kiyya, jaala kiyya ka wolitti dhikaannu, \q2 \v 14 ka haasowa mi'aawaa woliin haasowaa, \q2 kolbaa woliin, \q2 gara mana Waaqaa ideenne. \q1 \v 15 Wonni hantuun mana isaaniitii fi \q2 gadhaa isaanii keessa waan jirtuuf, \q2 diinota kiyyatti dedhuma duuti itti dhuttuu ti; \q2 adoo jiranuu \q2 gara addee worri du'e jiruu gad bu'anuu ti. \b \q1 \v 16 Ani ammoo Waaqa waammadha; \q2 Mootiin Waan Maraalle na baasa. \q1 \v 17 Galgalaa fi ganama, guyyaa wodhakka'attille, \q2 rakko'oo fi gadda kiyya itti himadha; \q2 innille qoonqoo tiyya hin dhage'a. \q1 \v 18 Worri na irratti ka'u bacaa waan te'eef, \q2 inni worra na lolu jalaa, \q2 nageyaan na galcha. \q1 \v 19 Isaan waan hin jijjiiranneef, \q2 Waaqalle waan hin sodaanneef, \q2 Waaqi, ka durii jalqabee \q2 barcumaa mootummaa ifii irra jiru, \q2 daadimata kiyya dhage'ee, \q2 isaan hin salphisa. \b \q1 \v 20 Lansi kiyya sun jaalota ifii lole; \q2 waadaa galelle diige. \q1 \v 21 Haasonni isaa dhadha'a; \q2 gadhaa ifiititti ammoo lola yaada. \q1 Jechooti isaa zayitii caalaa lallaafa; \q2 ammoo akka shallaagaa buqqifamee ti. \b \q1 \v 22 Ba'aa teeti Mootii Waan Maraa irratti buufadhu; \q2 inni si utuba; \q2 inni worra balchoolee \q2 ijjumaa akka raafamanu hin godhu. \b \q1 \v 23 Ee Waaqa, ati ammoo \q2 worra hamaa boolla qile'etti gad gatta; \q2 worri dhiiga namaa dhangalaasuu fi nama sobu, \q2 bara le'ii ifii hin wodhakkeeffatanu. \q1 Ani ammoo sitti addadha. \c 56 \s1 Daadimata Waaqatti Addatiisaa \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Saphaliisa qilxaa fagoo jiru irraa» jedhantee beekkantutti, yennaa worri Filisxeemotaa qachaa Gaatii keessatti isa qabane faarfatante. \q1 \v 1 Kolbaan waan na ariituuf, \q2 Ee Waaqa, naaf marari; \q2 diinoti kiyya guyyaa mara na miidhan. \q1 \v 2 Diinoti kiyya guyyaa guutuu na ari'an; \q2 worri kooru ka na lolu baca'a. \q1 \v 3 Ani yennaa sodaadhu, \q2 si'itti addadha. \q1 \v 4 Marroo jecha isaatiif, isa leellifadha; \q2 ani Waaqatti addadha; hin sodaadhu; \q2 nami foonii maan na godhuu dande'a? \b \q1 \v 5 Guyyaa guutuu dubbii tiyya micciiran; \q2 isaan yennaa mara na miidhiisaaf, \q2 mala natti dhowan. \q1 \v 6 Isaan wolitti qabamanee, riphan; \q2 jiruu tiyya balleessiisaaf, \q2 tarkaaffii tiyya eegan. \q1 \v 7 Isaan yakkaa hujanee hin miliqin. \q2 Ati aarii teetiin \q2 gosa biyya adda addaa san salphisi. \q1 \v 8 Ati daaqiisa kiyya laakkotteerta; \q2 imimmaan tiyya qodaa keetitti kuucheerta; \q2 wonni kun dhugumaan \q2 kitaaba keessatti barreeffamaneeranii motii? \q1 \v 9 Yennaa ani gara keeti daadimadhu, \q2 diinoti kiyya gara duubaa hin deebi'an; \q2 Waaqi cinaa tiyya akka jiru saniin beeka. \q1 \v 10 Waaqa jecha isaa leellifadhuun, \q2 Mootii Waan Maraa jecha isaa leellifadhuun, \q1 \v 11 Waaqa itti addadhuun, ani hin sodaadhu; \q2 nami foonii maan na godhuu dande'a ree? \q1 \v 12 Ee Waaqa, \q2 waadaa sii galeeru muummessu'uu male; \q2 kennansa galataa sii dhikeessa. \q1 \v 13 Ati lubbuu tiyya du'a irraa, \q2 miila kiyyalle jigiisa irraa hamburteerta. \q2 Tanaaf, ee Waaqa, ani fuula keeti dura \q2 ifa jiru'uu keessa ideema. \c 57 \s1 Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti, yennaa inni Saa'ol duraa baqatee goda keessa jiru faarfatante. \q1 \v 1 Lubbuun tiyya waan sitti baqattuuf, \q2 na marari, ee Waaqa, na marari. \q1 Haga rakkoon dabartutti \q2 ani koola keeti jalatti baqadha. \b \q1 \v 2 Ani gara Waaqa Ol-Aana'aa, \q2 gara Waaqa waan naaf barbaachisu \q2 mara naa muummessuu hin iyya. \q1 \v 3 Inni ol-gubbaa irraa ergee na baasa; \q2 inni worra na irra sirbu hin salphisa. \q1 Waaqi jaalala ifii ka bara baraatii fi \q2 addatamummaa ifii hin erga. \b \q1 \v 4 Ani worra akka neenqa nama nyaatiisaaf \q2 ila babaasuu odduu irkadhe. \q1 Ilkaan isaanii akka ebo'ootii fi daayaa ti; \q2 arrabi isaanii akka shallaagaa qaramee ti. \b \q1 \v 5 Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami; \q2 ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti. \b \q1 \v 6 Diinoti kiyya miila kiyyaaf fonxoroo afane; \q2 lubbuun tiyya gaddaan gad jette. \q1 Isaan karaa kiyya keessatti boolla qotane; \q2 ammoo ifumaaf keessa bu'ane. \b \q1 \v 7 Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu! \q2 Gadhaan kiyya hin mamu. \q1 Ani hin faarfadha; \q2 meya faaru'uu ka adda addaatiin hin faarfadha. \q1 \v 8 Lubbuu tiyya dammaqi; \q2 ee kiraaraa guddicha, \q2 ee maseenqo'o dammaqa'a; \q2 anille boruu hin dayyaasa. \q1 \v 9 Ee Gootta'a, \q2 ani gosa biyya adda addaa oddu'utti \q2 si galateeffadha. \q2 Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti \q2 faaru'uun si leellisa. \q1 \v 10 Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te'eef, \q2 akka ol-gubba'aa ol fagaata; \q2 addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi. \q1 \v 11 Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami; \q2 ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti. \c 58 \s1 Waaqi Akka Nama Hamaa Adabuuf Daadimata Dhikaate \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti faarfatante. \q1 \v 1 Isin bulchitoota, \q2 isin dhugumaan \q2 waan sirrii te'e hin dubbattanii ree? \q2 Isin kolba'atti haqa hin murtanii ree? \q1 \v 2 Waawwo'o! Isin gadhaa keessan keessatti \q2 waan haqa hin te'in mala dhoottan; \q2 lafa irratti hunnaan namatti kaatan. \q1 \v 3 Worri hamaaleyyiin \q2 gadaamessa haadha ifiitii jalqabanee, \q2 karaa irraa goraneeran; \q2 haga dhalatanee jalqabanee, \q2 karaa fedha ifii deemaa dhara dubbatan. \p \v 4 Isaan akka dhudhuufa'aa hadhaa qaban; \q2 isaan akka buutii gurra duuddu'uu, \q2 \v 5 ta qoonqoo worra qorsaan muusessuu, \q2 yookiin dubbii worra qaroolee xanoo hujuulle hin dhageennee ti. \b \q1 \v 6 Ee Waaqa, \q2 ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccassi; \q2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 worra akka dardaroota neenqaa qadhiffaa qabu, \q2 qadhiffaa isaanii butuchii keessaa harcaasi. \q1 \v 7 Akka bisaan lola'ee dabaruu badanuu ti; \q2 yennaa isaan guubee qopheeffatanu, \q2 daayi isaanii tutuma te'uu ti. \q1 \v 8 Isaan akka calanqaa adoo ideemuu baquu te'anuu ti; \q2 isaan akka finna du'ee dhalatee, \q2 ka ijjumaa ifa hin dhagginii te'anuu ti. \q1 \v 9 Isaan akka haasumee jiituu \q2 yookiin godduu adoo hin bobe'in, \q2 adoo okkotee hin o'isiniin dura \q2 qilleensaan haxowantuu ti. \b \q1 \v 10 Worri balchaan \q2 Waaqi haluu isaaniif bayuun yennaa dhagganu, \q2 gammadaan firinxiixan; \q2 miila ifii dhiiga worra hamaaleyyi'iitiin dhiqatan. \q1 \v 11 Yennaa san namooti, \q2 «Dhugumaan worri balchaan \q2 gatii hin dhaggatan; \q2 dhugumaan Waaqi biyya lafaatitti muru \q2 hin jira» hin jedhan. \c 59 \s1 Diinota Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti, yennaa Saa'ol Daawitii ijjeesiisaaf namoota ergee mana isaa eegisiise faarfatante. \q1 \v 1 Ee Waaqa kiyya, diinota jalaa na baasi; \q2 worra na irratti ka'u irraa na eegi. \q1 \v 2 Worra hamaaleyyii jalaa na baasi; \q2 worra dhiiga namaa dhangalaasu jalaa \q2 na hamburi. \b \q1 \v 3 Isaan ammaayyuu riphanee na gaadan; \q2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani cubbuu yookiin dokonkora adoo hin hujin, \q2 worri hunnaameyyiin na irratti ka'an. \q1 \v 4 Ani dokonkora womaa adoo hin hujin, \q2 isaan na loliisaaf qophowaneeran. \q2 Na qarqaariisaaf ka'i; \q2 gara kiyya koyii na ilaali! \b \q1 \v 5 Ee Mootiin Waan Maraa \q2 Waaqa Waan Mara Dande'u, \q2 Waaqa Israa'elii, \q2 gosa biyya adda addaa adabiisaaf ka'i; \q2 worra hamaaleyyii, \q2 diinaaf dabarsee nama kennu hin mararin. \b \q1 \v 6 Isaan akka sare'ee gurura'aa, \q2 galgala galgala qachaa keessa loxxisan. \q1 \v 7 Waan afaan isaanii keessaa bayu ilaali; \q2 arrabi isaanii akka shallaaga'aa ti; \q2 isaan, «Nami nu dhage'u hin jiru» jedhaa yaadan. \b \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati ammoo isaanitti hin kollita; \q2 gosa biyya adda addaa maratti hin murgita. \q1 \v 9 Ee Waaqa, ati jabeenna kiyya, \q2 gollaa kiyyalle waan teeteef, \q2 ani si eegadha. \q1 \v 10 Waaqi jaalala ifii ka bara baraatiin \q2 naan dura ideema; \q2 inni akka ani injifatamiisa diinota kiyyaa dhaggu \q2 hin godha. \b \q1 \v 11 Ee Gootta'a, wontee teenna, \q2 kolbaan injifachaa keeti akka hin deene, \q2 isaan hin ijjeesin; \q2 hunna teetiin isaan bittinneessii, \q2 isaan salphisi. \q1 \v 12 Sababa cubbuu afaan isaaniitiif, \q2 sababa dubbii arraba isaaniitiif, \q2 koora isaaniitiin qabamanuu ti. \q1 Abaarsaa fi dhara waan dubbatanuuf, \q2 \v 13 aarii teetiin isaan balleessi; \q2 ijjumaa isaan balleessi. \q1 Achiin duuba haga qaccee lafaatitti \q2 akka Waaqi kolbaa Yaaqoobii bulchu hin beekkanti. \b \q1 \v 14 Isaan akka sare'ee gurura'aa, \q2 galgala galgala qachaa keessa loxxisan. \q1 \v 15 Isaan akka saree sagale'eef loxxittuu, \q2 ta yoo quufuu dhadde gururaatuu ti. \b \q1 \v 16 Ati guyyaa rakkinnaa gollaa kiyya, \q2 addee ani itti baqadhulle waan teeteef, \q2 marroo jabeenna keetiitii fi \q2 marroo jaalala keeti ka bara baraa \q2 ganama mara hin faarfadha. \q1 \v 17 Ee Waaqa, ati gollaa kiyya, \q2 Waaqa na jaalatu, \q2 ee jabeenna kiyya, \q2 faaruu leellisaa sii dhikeessa. \c 60 \s1 Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif, ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante. Dhugaa bayiisa. Faaruu barsiisiisaa, ta inni yennaa worra Aaramii ka biyya bisaan lama oddu'uutii fi worra Aaram Xoba'aa woliin wol lole, yennaa Yo'aab deebi'ee dhooqa sooddaa keessatti namoota Edoomii kuma kudha lama injifate faarfate. \q1 \v 1 Ee Waaqa, ati nu gatteerta; \q2 nu caccassiteerta; \q2 nutti aarteerta; amma adde'etti nu deebisi. \q1 \v 2 Ati lafa tachoottee, dhodhoocheerta; \q2 isiin waan raafamiisatti jirtuuf, \q2 dho'a isi'ii san fayyisi. \q1 \v 3 Ati kolbaan teeti \q2 akka guddoo rakkattu gooteerta; \q2 daadhii woyni'ii \q2 ta akka nuuti tintimaa ideennu nu gootu \q2 nuu kenniteerta. \q1 \v 4 Isaan akka daaya jalaa miliqanuuf, \q2 ati worra si sodaatuuf, \q2 baandiraa akka ol kaafatanu \q2 isaaniif kenniteerta. \q1 \v 5 Kolbaan ati jaalattu akka baatu, \q2 hunna teetiin nu baasi; \q2 daadimata keennaafille deebii kenni. \b \q1 \v 6 Waaqi addee woyyittii ifii keessaa, \q2 «Ani injifadhee, \q2 lafa ‹Sheekem› jedhantu hin hira; \q2 dhooqa Suukootii kolbaa tiyyaaf qooda. \q1 \v 7 Latti Giil'aadii tiyya; \q2 latti Minaase'eelle tiyya; \q2 Efreem gullee tiyya ta sibiilaa ti; \q2 Yihudaan ulee tiyya ta bokku'uu ti. \q1 \v 8 Mo'aab gabataa kiyya ka itti dhiqataa ti; \q2 Edoom kiyya akka te'e mirkaneessiisaaf, \q2 kophee tiyya irratti hin qolaansa; \q2 Filisxeemota irratti injifanno'oon ilillisa» jedheera. \b \q1 \v 9 Gara qachaa guddicha dalleya \q2 dhaka'aatiin marfamee eentu na fida ree? \q2 Akka loluuf gara Edoomii eentu na geessa ree? \q1 \v 10 Ee Waaqa, ati nu gatteerta; \q2 loltoota teenna woliin bayiisa lakkitteerta. \q1 \v 11 Qarqaarsi namaa womaa waan nu'uuf hin baaneef, \q2 diinota keenna akka lolluuf, \q2 ati nu qarqaar. \q1 \v 12 Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna; \q2 inni diinota keenna hin salphisa. \c 61 \s1 Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante. \q1 \v 1 Ee Waaqa, iyya tiyya dhage'i; \q2 daadimata kiyya caqasi. \q1 \v 2 Addii kutadhee, \q2 qaccee lafaa irraa si waammadha; \b \q1 Gara rassaa na caalaa \q2 ol ka'eeruu san na geessi. \q1 \v 3 Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef, \q2 diinota kiyya loliisaaf, \q2 ati xelleephoo tiyya jaddu'u. \b \q1 \v 4 Ani bara jiruu tiyyaa mara \q2 mana keeti keessa le'uu fedha. \q2 Gaaddisa bobaa teetii jalatti baqatuu fedha. \q1 \v 5 Ee Waaqa, waadaa kiyya dhageetteerta; \q2 qooda worra maqaa keeti sodaatuuf kennite \q2 naafille kenniteerta. \b \q1 \v 6 Bara jiruu mootichaa irratti \q2 woggaa hedduu ede'i; \q2 inni dhalootaa haga dhaloota heddu'uu le'uu ti. \q1 \v 7 Fuula keeti duratti \q2 haga bara baraa isa mootonsi; \q2 jaalala keeti ka bara baraatii fi \q2 addatamummaa teetiin isa eegi. \b \q1 \v 8 Guyyuma guyya'aan waadaa kiyya eegatiisaan, \q2 yennaa mara faaru'uun maqaa keeti leellisa. \c 62 \s1 Waaqa Qofatti Addatuu \s2 Faaruu Daawitii sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf. \q1 \v 1 Fayyinni kiyya isa irraa waan dhufuuf, \q2 lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eegatti. \q1 \v 2 Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya; \q2 inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu. \b \q1 \v 3 Nama akka dalleya dhaka'aa ka duufee, \q2 akka dalleya daaqee te'e tokko, \q2 isin haga yoomii isa lolaa teettan ree? \q1 \v 4 Isaan nama san addee ulfinnaa irraa \q2 gad isa buusiisaaf barbaadan. \q1 Dhara dubbatiisatti gammadan; \q2 afaan ifiitiin hin eebbisan; \q2 gadhaa ifiitiin ammoo hin abaaran. \b \q1 \v 5 Lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eeggatti; \q2 addiin tiyya isa irraa naa dhutti. \q1 \v 6 Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya; \q2 inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu. \q1 \v 7 Fayyinnii fi ulfinni kiyya Waaqa irraa dhufe; \q2 inni rassaa jabaa kiyya; addee ani itti baqadhulle'e. \b \q1 \v 8 Ee kolba'a, yennaa mara Waaqatti addadha'a; \q2 Waaqi ka itti baqannu waan te'eef, \q2 yaada gadhaa keessanii mara itti himadha'a. \b \q1 \v 9 Ilmaan namaa akka qilleensaa ti; \q2 namooti marti womaa moti. \q1 Isaan yoo madaalamane, \q2 qilleensa caalaa sallatan. \q1 \v 10 Hunnaan saamiisatti hin addatina'a; \q2 waan hannaan dhaggameen hin koorina'a; \q2 yoo karri teessan ede'antelle, \q2 addii itti hin godhatina'a. \b \q1 \v 11 Waaqi takkaa dubbateera; \q2 ani waan lama dhage'eera. \q2 Sunille, «Hunni ta Waaqaa ti; \q2 \v 12 jaalalli bara baraa ka Gootta'aa ti» ta jettu. \q2 Ee Gootta'a ati maraafuu \q2 akka hujii isaatitti gatii isaaf kaffalta. \c 63 \s1 Waaqa Barbaadiisa \s2 Faaruu Daawitii ta inni yennaa goomolee Yihuda'aa keessa jiru Faarfate. \q1 \v 1 Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya; \q2 ani si barbaada. \q1 Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee, \q2 lubbuun tiyya si dheebotti; \q2 nafi kiyyalle si dharra'a. \q1 \v 2 Tanaaf, ani Dunkaanii Woyyittii teeti keessatti \q2 si ilaalee, \q2 hunnaa fi ulfinna keeti dhagge. \q1 \v 3 Jaalalli keeti ka bara baraa \q2 jiruu waan caaluuf, \q2 arrabi kiyya si leellisa. \q1 \v 4 Ani haga jiru si leellifadha; \q2 harka kiyya ol qabadhee, \q2 maqaa keeti waammadha. \q1 \v 5 Akka sagalee dansaa nyaatteetitti, \q2 lubbuun tiyya quutte; \q2 afaan kiyya arraba ililleetti'iitiin si leellisa. \q1 \v 6 Taqee tiyya irratti si qaabadha; \q2 halkan duudii marroo teeti yaada. \q1 \v 7 Ati qarqaarsa kiyya waan teeteef, \q2 gaaddisa bobaa teetii jalatti, \q2 gammadaan faarfadha. \q1 \v 8 Lubbuun tiyya sitti maxxanti; \q2 harki keeti middichi ol na qaba. \b \q1 \v 9 Worri jiruu tiyya balleessiisaaf barbaadu, \q2 qilee lafa jalaatitti gad bu'a. \q1 \v 10 Isaan shallaagaa afaan bu'an; \q2 jeedalaaf sagalee te'an. \q1 \v 11 Mootichi ammoo \q2 Waaqaan hin gammada; \q2 worri maqaa Waaqaatiin kakatu marti \q2 Waaqa hin leellisa; \q2 afaan worra dharaameyyi'ii hin cufama. \c 64 \s1 Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ee Waaqa, rakkinna keessatti \q2 qoonqoo tiyya naaf dhage'i; \q2 sodaachisaa diinaa irraa na eegi. \q1 \v 2 Mala worra hama'aa duraa, \q2 waan hantuu hujiisaa \q2 worra wolitti qabamu duraa na dhossi. \q1 \v 3 Isaan arraba ifii akka shallaaga'aa qaratan; \q2 dubbii hadhoottuu akka daayaa darbatan. \q1 \v 4 Isaan dhokatanee nama yakkaa hin qannetti, \q2 sodaa malee dedhuma darbatan. \q1 \v 5 Isaan waan hantuu hujiisaaf woliin mari'atan; \q2 tiyyoo afiisaaf dhossa'aan mala dhowaa, \q2 «Eentu nu dhagga?» jedhaa yaadan. \q1 \v 6 Yaadi gadhaa namaatii fi qalbiin namaa \q2 gad fagoo waan teeteef, \q2 isaan waan hantuu mala dhowanee, \q2 «Nuuti mala dansaa dhoonneera» jedhan. \b \q1 \v 7 Waaqi ammoo daaya ifii gara isaanii hin darbata; \q2 isaan dedhuma hin madowan. \q1 \v 8 Waaqi dubbuma arraba isaaniitiin \q2 gara badi'ii isaan fida; \q2 worri isaan dhaggu marti \q2 murgo'oon mataa ifii itti hin raasan. \q1 \v 9 Nami marti hin sodaata; \q2 isaan hujii Waaqaa lallabaa, \q2 waan inni godhelle yaadanee hin hubatan. \q1 \v 10 Worri balchaan \q2 Mootii Waan Maraatiin gammaduu ti; \q2 isatti baqatuu ti; \q2 worri qajeelaan marti \q2 Mootii Waan Maraa leellisuu ti. \c 65 \s1 Leellisaa Fi Galata \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ee Waaqa, Xiyoon keessatti \q2 si leellisuu, \q2 waadaa si'iif gallelle muummessuu qanna. \q1 \v 2 Ee ka daadimata namaa dhageettu, \q2 nami marti gara keeti hin dhufa. \q1 \v 3 Cubbuun nu moote; \q2 ati ammoo yakkaa teenna nuu araarante. \q1 \v 4 Worri ati filattee \q2 badhinna mana keetii keessa akka le'anu \q2 ka ifitti dhikeeffatte ka eebbifame. \q1 Nuuti waan dansaa mana keetii, \q2 ta Dunkaanii Woyyittii teetiitiin hin quunna. \b \q1 \v 5 Ee Waaqa fayyisaa keenna, \q2 hujii maade'ee \q2 ta balchumma'aatiin deebii nuuf kennita. \q1 Worri qaccee lafaa \q2 abbaaya'aan gama fagoo jiru martille \q2 addii sitti godhata. \q1 \v 6 Ati hunna teeti uffattee, \q2 jabeenna keetiin gaarota dadde. \q1 \v 7 Ati Shookkessa abbaaya'aatii fi danbalii isi'ii, \q2 caanca gosa biyya adda addaalle cadhi goota. \q1 \v 8 Bilbaasa ati gooteen, \q2 worri biyya lafaa irra le'u duudiin, \q2 hin sodaata; \q2 addee aduun baatu irraa \q2 haga addee aduun seentuutitti, \q2 ililleettiin akka dhage'antu hin goota. \b \q1 \v 9 Ati lafa ilaaltee, rooba kennitaaf; \q2 guddoo laattuu isii goota. \q1 Lagi Waaqaa, bisaaniin guuteera; \q2 akkas gootee waan qopheessiteef, \q2 kolbaan midhaan dhaggatti. \q1 \v 10 Fichaa qotame irratti \q2 bokkeya bacaa roobisiitta; \q2 quqquuqaa isaalle hin bulleessita; \q2 biyyee tiifu'uun laafficha; \q2 mudheen\f + \fr 65:10 \fr*\fqa Mudheen: \fqa*\fqa Lafa tokko tokkotti mudhoon\fqa*\f* lattee akka guddattu goota. \q1 \v 11 Arjummaa teetiin bara eebbitta! \q2 Gara ati dhaxxe mara \q2 midhaan baca'atti jiraata. \q1 \v 12 Goomoleen marti bisiltee, \q2 koobotille gammada akka woya'aa uffatan. \q1 \v 13 Diidi tika hoolotaatiin, \q2 dhooqille midhaaniin guutaman; \q2 isaan ilillisaa faaruu faarfatan. \c 66 \s1 Faaruu Leellisaatii Fi Galataa \s2 Faaruu, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Biyyi lafaa duudiin, \q2 Waaqaaf gammadaa ilillisa'a. \q1 \v 2 Ulfinna maqaa isaatiif faarfadha'a; \q2 leellisa ulfinnaa isaaf kenna'a. \q1 \v 3 Waaqaan, «Hujiin teeti attam attam bilbaasa! \q2 Hunni teeti guddoo waan teeteef, \q2 diinoti keeti soda'aan si duratti hollatan. \q1 \v 4 Worri lafa irra jiru marti sii sagadan; \q2 isaan faaru'uun si leellisan; \q2 maqaa keeti leellisaa faarfatan» jedha'a. \b \q1 \v 5 Waan Waaqi godhe kowa'aa ilaala'a; \q2 inni hujii baasaa odduu kolba'aatitti hujeera. \q1 \v 6 Inni abbaayaa gargar kutee, \q2 kolbaan isaa miila ifiitiin lafa godduu irra \q2 laga Yordaanosii gamatti buute; \q2 nuutille waan inni godheen gammanne. \q1 \v 7 Inni hunna ifiitiin haga bara baraa hin bulcha; \q2 ilti isaa gosa biyya adda addaa hin eeddi. \q2 Worri isa finqilu isa irratti hin ka'in. \q1 \v 8 Ee, gosi biyya adda addaa \q2 Waaqa keenna leellisa'a; \q2 qoonqoo ol qabadha'aatii isa leellisa'a. \q1 \v 9 Inni jiru'uun nu eegee, \q2 miila keennalle akka hin mucucaanne godheera. \q1 \v 10 Ee Waaqa, ati haga nu ilaalteerta; \q2 akkuma meetiin ibiddaan dhimbiibantu, \q2 ati nu dhimbiidde. \q1 \v 11 Ati tiyyoo keessa nu galchite; \q2 ba'aa ulfaattuu dudda keenna irra keette. \q1 \v 12 Ati akka namooti mataa keenna irratti bayanu goote; \q2 ibiddaa fi bisaan keessa dabarre; \q2 amma ammoo addee wonni dansaan jirtutti nu baache. \q1 \v 13 Ani ciincaa qabadhee gara mana keetii hin seena; \q2 waan waadaa gale si'iif hin muummessa. \q1 \v 14 Waadaan sun ka ani yennaa rakkoo keessa jiru \q2 arrabi kiyya tuqee, afaan kiyya dubbate. \q1 \v 15 Ciincaa horii cocoomaatii fi \q2 ciincaa korbeeyyii hoole'ee si'iif hin dhikeessa; \q2 korommi'ii fi korbeeyyii re'e'ee hin kenna. \b \q1 \v 16 Isin worri Waaqa sodaattanu marti, \q2 kowa'aa dhage'a'a; \q2 ani waan Waaqi naaf godhe hin hima. \q1 \v 17 Ani guddisee gara isaa iyye; \q2 arraba kiyyaan isa saade. \q1 \v 18 Ani cubbuu gadhaa kiyya keessatti \q2 adoo dhoffadhee jiraadhee, \q2 Goottaan silaa na hin caqasuuyyu. \q1 \v 19 Waaqi ammoo dhugumaan naaf caqaseera; \q2 qoonqoo daadimata kiyyaalle dhage'eera. \b \q1 \v 20 Daadimata kiyya waan hin tuffatiniif, \q2 yookiin jaalala ifii ka bara baraa \q2 waan na irraa hin fudhatiniif, \q2 Waaqi leellifamuu ti. \c 67 \s1 Faaruu Leellisaa \s2 Faaruu takka, ta meya ribu'uutiin faarfatante, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Waaqi nu mararuu ti; nulle eebbisuu ti; \q2 fuula ifii akka nu irratti ifu godhuu ti. \q1 \v 2 Achiin duuba, karaan keeti lafa duudii irratti, \q2 fayyisiis keeti \q2 gosa biyya adda addaa mara oddu'utti hin beekkama. \b \q1 \v 3 Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti; \q2 kolbaan marti si leellittuu ti. \b \q1 \v 4 Ati haqaan kolbaa maratti waan murtuuf, \q2 gosa biyya adda addaa waan sooressituuf, \q2 gosi biyya adda addaa gammadaan ilillittuu ti. \b \q1 \v 5 Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti; \q2 kolbaan marti si leellittuu ti. \b \q1 \v 6 Latti midhaan baatteerti; \q2 Waaqi, Waaqayyoon keenna nu hin eebbisa. \q1 \v 7 Waaqi nu hin eebbisa; \q2 kolbaan lafa irraa marti isa hin sodaatti. \c 68 \s1 Leellisaa Fi Galateeffatiisa \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Waaqi ol ka'uu ti; \q2 diinoti isaa bittinnowanuu ti. \q2 Worri isa jibbulle isa duraa baqatuu ti. \q1 \v 2 Akkuma qilleensi aara oofu, \q2 atille isaan oofi; \q2 akkuma gagaan ibidda duratti baqu, \q2 worri hamaalle Waaqa duraa baduu ti. \q1 \v 3 Worri balchooleen gammadanuu ti; \q2 isaan Waaqa duratti ilillisanuu ti; \q2 gammadaan firinxiixanuu ti. \q1 \v 4 Waaqaaf faarfadha'a; \q2 faaruu leellisaatiin maqaa isaa faarfadha'a; \q2 ka duumensa irra deemu saada'a; \q2 maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti; \q2 isa duratti ilillisa'a! \q1 \v 5 Waaqi addee woyyittii ifii keessa jira; \q2 ijoollee abbaa hin qanneef abba'a; \q2 haadhotii hiyyeessaatiifille abbaa mura'aa ti. \q1 \v 6 Waaqi worra qofi le'uuf maatii hin kenna; \q2 worra hidhamelle qananumma'atti hin baasa; \q2 finqiltooti ammoo goomolee godduu keessa le'an. \b \q1 \v 7 Ee Waaqa, yennaa ati kolbaa teeti sooressite, \q2 goomolee keessa yennaa ideente, \q1 \v 8 Waaqa gaara Siina'aa duratti, \q2 Waaqa Israa'elii duratti, \q2 latti tachootee \q2 ol-gubbaan bokkeya kennite. \q1 \v 9 Ee Waaqa, ati bokkeya bacaa roobisiitte; \q2 lafa teeti ta godde haaressite. \q1 \v 10 Kolbaan teeti achitti qubatte. \q2 Eebba keetiin worra hiyyeeyyi'iif \q2 waan isaaniif barbaachisu kennite. \b \q1 \v 11 Goottaan ajaja baase; \q2 dubartooti hedduun oduu san dabarsane: \q1 \v 12 «Moototii fi loltooti isaanii ariiti'iin baqatane; \q2 dubartooti mana jiranu boojuu qoodamane; \q1 \v 13 Worri hoolee tissiisaaf duubatti hafe \q2 fakkii saphaliisaa ta koolli isi'ii meetii, \q2 ta baalli isi'ii worqii bifa magariisaa \q2 itti gonfame yennaa qoodamanu \q2 isin maaf gooree hoole'ee keessa rattane?» jedhane. \q1 \v 14 Ka waan mara dande'u \q2 yennaa mootota lafa sanii bittinneesse, \q2 dhakaan bokkeyaa gaara Zaalmon irratti bu'e. \b \q1 \v 15 Gaarri Baashaanii gaara ol aana'a; \q2 gaarri Baashaanii qaccee hedduu qaba. \q1 \v 16 Ee isin gaaroti qaccee hedduu qaddanu, \q2 gaara Waaqi irra le'iisaaf filate, \q2 ka Mootiin Waan Maraa haga bara baraa irra le'u, \q2 maaf ila hinaaffa'aatiin ilaaltan. \b \q1 \v 17 Garreettaa fardo'oon harkifamu \q2 ka Waaqaa kuma hedduu woliin, \q2 Goottaan gaara Siina'aa irraa \q2 gara addee woyyittii ifii dhufa. \q1 \v 18 Mootii Waan Maraa Waaqa, \q2 ati yennaa ol baate, \q2 boojuu fudhattee gara addee leetuu dhaxxe; \q2 kolbaa mara irraa, \q2 worra si mormu irralle'ee kennansa fudhatte. \q1 \v 19 Goottaan, Waaqi fayyisaan keenna, \q2 ka guyyaa mara ba'aa teenna ba'atu, \q2 leellifamuu ti. \q1 \v 20 Waaqi keenna, Waaqa nu fayyisu; \q2 Mootiin Waan Maraa Waaqi ka du'a jalaa nu baasu. \b \q1 \v 21 Waaqi ammoo mataa diinota ifii, \q2 buqqii mataa worra karaa cubbuu ifiititti jabaatuu hin butucha. \q1 \v 22 Goottaan, «Ani diinota keeti biyya Baashaaniitii fi \q2 qilee abbaaya'aa keessaa deebisee hin fida; \q1 \v 23 Achiin duuba ati dhiiga isaanii keessa ijjatta; \q2 sareeleen teetille qooda ifii hin arraabbatan» jedhe. \b \q1 \v 24 Ee Waaqa, gogeessi worra si woliin jiruu, \q2 ka ati Waaqi mootiin kiyya \q2 gara addee woyyittii teetii seentu mudhate. \q1 \v 25 Worri faarfatu fuula duraan, \q2 worri meya faarfanna'aa dhowanu duubaan, \q2 ijoolleen durra ta dibbee dhoottu, \q2 wodhakkaa isaaniitiin jiraniiyyu. \q1 \v 26 Isaan, «Gumii guddoo keessatti Waaqa leellisa'a; \q2 gumii kolbaa Israa'elii keessatti \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a» jedhan. \q1 \v 27 Gosi Beniyaaminii diqqoon isaan sooressiti; \q2 qondaaltoti Yihuda'aa golii ifii woliin, \q2 qondaaltoti Zebulooniitii fi \q2 qondaaltoti Naftaalemii achi jiraniiyyu. \b \q1 \v 28 Ee Waaqa, hunna teeti ajaji; \q2 akkuma dur nuuf goote, \q2 ee Waaqa jabeenna keeti mudhisi. \q1 \v 29 Sababa Dunkaanii Woyyittii teeti \q2 ta Yerusaalem keessaatiif, \q2 moototi kennansa si'iif fidan. \q1 \v 30 Biyya Gibxi'ii, \q2 ta akka bineensa shonbooqqoo keessaa xixi; \q2 mootota biyya adda addaa, \q2 ta akka korommi'iitii fi jabbi'ii xixi. \q1 Akka meeti'iin gabbaranu jilbiiffatanuu ti; \q2 gosa biyya adda addaa ta lola jaalattu bittinneessi. \q1 \v 31 Ergantooti biyya Gibxi'ii irraa hin dhufan; \q2 kolbaan Itoophiya'aa\f + \fr 68:31 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin \fqa*\ft Kuushi jedha. \ft*\f* \q2 harka ifii gara Waaqaa hin diriirsiti. \q1 \v 32 Ee isin mootummooti biyya lafaa \q2 Waaqaaf faarfadha'a; \q2 faaruu leellisaa Gootta'aaf faarsa'a. \q1 \v 33 Ka ol-gubbaa durii duriitii jalqaddee jirtu, \q2 gubbaa ideemuuf faarfadha'a; \q2 inni qoonqoo ifii jaddu'uun \q2 mandi'uun caqasa'a. \q1 \v 34 Waaqa arnyi isaa Israa'el irra jiru, \q2 ka hunni isaa gubbaa keessa jirtu, \q2 hunna isaa lallaba'a. \q1 \v 35 Waaqi, addee woyyittii ifii keessaa, \q2 attam attam sodaachisa; \q2 inni kolbaa ifii Israa'eliif \q2 hunnaa fi jabeenna kenna; \b \q1 Waaqi leellifamuu ti. \c 69 \s1 Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaa Dhikaate \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante. \q1 \v 1 Bisaan waan morma na geyeef, \q2 Ee Waaqa na baasi! \q1 \v 2 Ani qilee caffa'aa keessa lixe; \q2 miilli kiyya waan irra dhaabbatu dhabe; \q2 ani qilee bisaanii keessa lixe; \q2 lolaan na liqinse. \q1 \v 3 Ani iyyiisaan dadhabe; \q2 laagadaan na babbaqaqe; \q2 qarqaarsa Waaqaa eeggatiisaan \q2 ilti tiyya dadhadde. \b \q1 \v 4 Worri sababa malee na jibbu, \q2 rifeensa mataa kiyyaa caalaa bacata; \q2 diinoti kiyya worri dharaan na himatu, \q2 ka na balleessiisaaf barbaadu heddu'u. \q1 Ani waan hin hatin \q2 ade'etti deebisuu qabaa ree? \q1 \v 5 Ee Waaqa, ati gowwummaa tiyya hin beetta; \q2 yakkaan tiyya si duraa dhokattee hin jirtu. \q1 \v 6 Ee Waaqa waan mara dande'u, \q2 worri si addatu, \q2 sababa kiyyaaf hin fokkifatin. \q1 Ee Waaqa Israa'elii, \q2 worri si barbaadu \q2 sababa kiyyaaf hin qaanowin. \q1 \v 7 Ani si'iif jedhee arraba ossadhe; \q2 ani si'iif jedhee fokkoo uffadhe. \q1 \v 8 Ani obboleeyyan tiyyatti orma, \q2 ilmaan haadha tiyyaatitti alagaa te'e. \b \q1 \v 9 Hinaaffaan mana keetiif qabu na gudde; \q2 arrabi si arrassanu na irra bu'e. \q1 \v 10 Yennaa ani laamee bowe, \q2 isaan na arrassane. \q1 \v 11 Woyaa gaddaa yennaa uffadhe, \q2 nama ittiin mammaakanu isaaniif te'e. \q1 \v 12 Ani waan worri addee yaa'ii tee'u ittiin mammaaku te'e; \q2 worri machowulle marroo tiyya sirba. \b \q1 \v 13 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 yennaa si biratti fudhatama qaddutti \q2 ani gara keeti daadimadha; \q2 ee Waaqa jaalala keeti ka bara baraatiin, \q2 fayyisiisa keeti ka dhuga'aatiin, \q2 deebii naaf kenni. \q1 \v 14 Dhoqqee keessa lixiisa irraa na hamburi; \q2 diinota kiyya jalaa, \q2 qilee bisaanii keessaa na baasi. \q1 \v 15 Lolaan na fudhatee hin deemin; \q2 yookiin qileen na hin liqinsin; \q2 yookiin boolli na irratti hin cufamin. \q1 \v 16 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 jaalalli keeti ka bara baraa dansaa waan te'eef, \q2 deebii naaf kenni; \q2 marartii teeti guddo'oon gara kiyya deebi'i. \q1 \v 17 Fuula keeti ana tajaajilaa keeti duraa hin dhoffatin; \q2 ani rakkoo guddoo keessa waan jiruuf, \q2 ariifadhuu deebii naaf kenni. \q1 \v 18 Natti dhikaadhuu na wodi; \q2 dhiibbii\f + \fr 69:18 \fr*\fqa Dhiibbii: \fqa*\fqa Yookiin dhiibii \fqa*\f* diinota kiyyaatiif jedhii na baasi. \b \q1 \v 19 Arraffamiisa kiyya, qaanowiisa kiyya, \q2 salphatiisa kiyyalle hin beetta; \q2 ati diinota kiyya mara dhaggita. \q1 \v 20 Arrabi na miidhee, \q2 anille addii kutadhe; \q2 nama naaf nayu barbaadee, \q2 ammoo dhabe. \q1 Nama na jajjabeessulle barbaadee, \q2 ammoo tokkolle hin dhagganne. \q1 \v 21 Akka nyaadhuuf hadhaa naaf kennane; \q2 dheebuu tiyyaaf \q2 daadhii woyni'ii dhangaggoottuu naaf kennane. \q1 \v 22 Qoriin isaanii fonxoroo isaanii teetuu ti; \q2 worra isaan woliin nyaatuufille tiyyoo teetuu ti. \q1 \v 23 Akka hin dhaggine, \q2 ilti isaanii dukkanoottuu ti; \q2 hidhi isaanii yennaa mara lellequu ti. \q1 \v 24 Mufii teeti isaan irratti dhangalaasi; \q2 aariin teeti ta bobeettu isaan dhaqqadduu ti. \q1 \v 25 Quttumi isaanii onuu ti; \q2 dunkaanii isaanii keessa nami hin le'in. \q1 \v 26 Isaan worra ati dhaante ari'an; \q2 marroo farra worra ati madeessitee haasowan. \q1 \v 27 Yakkaa ifii irratti \q2 yakkaa akka dabalatanuuf isaan lakkisi; \q2 gara balchummaa teetii isaan hin fidin. \q1 \v 28 Maqaan isaanii \q2 galmee worra jiraata'aa keessaa haqamuu ti; \q2 isaan worra balchoolee woliin hin galmeeffamin. \q1 \v 29 Ani ammoo farraa fi rakkinna guddaa keessa jira; \q2 ee Waaqa, fayyisiisi keeti ol na qabuu ti. \q1 \v 30 Ani faaru'uun maqaa Waaqaa hin leellisa; \q2 galatalle'een isa ulfeessa. \q1 \v 31 Kun korma yookiin dardara \q2 gaafaa fi qeenca qabu caalaa, \q2 Mootii Waan Maraa hin gammachiisa. \q1 \v 32 Worri cunqurfame tana dhaggee hin gammada; \q2 isin worri Waaqa barbaaddanu \q2 gadhaan keessan jajjabaatuu ti; \q1 \v 33 Mootiin Waan Maraa worra rakkata'aaf hin dhage'a; \q2 kolbaa ifii worra hidhameerulle hin tuffatu. \b \q1 \v 34 Ol-gubba'aa fi latti, \q2 abbaaya'aa fi wonni isii keessa munyuuqu marti \q2 isa leellisanuu ti. \q1 \v 35 Waaqi qachaa Xiyoonii hin baasa; \q2 qachoota Yihuda'aalle deebisee hin ijaara. \q1 Kolbaan isaalle achitti qubattee, \q2 lafa san hin qabatti. \q1 \v 36 Ijoolleen tajaajiltoota isaa lafa san hin dhaalti; \q2 worri maqaa isaa jaalatulle lafa san keessa hin le'a. \c 70 \s1 Diinota jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka Waaqi isa qaabatuuf faarfatante. \q1 \v 1 Ee Waaqa na baasi; \q2 Mootii Waan Maraa kiyya na qarqaariisaaf ariifadhu. \q1 \v 2 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu, \q2 fokkifatee jaanjuruu ti; \q2 worri na miidhiisaaf halchu, \q2 salphatee gara duubaa deebi'uu ti. \q1 \v 3 Worri, «Baga, baga!» naan jedhu, \q2 fokkifatee gara duubaa deebi'uu ti. \b \q1 \v 4 Worri si barbaadu marti ammoo, \q2 si'iin gammadee firinxiixuu ti. \q1 Worri fayyisiisa keeti jaalatu marti, \q2 yennaa mara, «Waaqi gudda'a» jedhuu ti. \b \q1 \v 5 Ani rakkataa hiyyeessa; \q2 Ee Waaqa, ariifadhuu gara kiyya koy; \q1 Ee Mootii Waan Maraa kiyya \q2 ati qarqaara'aa fi fayyisaa kiyya \q2 na irraa hin turin. \c 71 \s1 Daadimata Jaarsaa \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, ani sitti baqadheera; \q2 ani ijjumaa hin fokkifatin. \q2 \v 2 Ati balchummaa teetiin \q2 na baasiitii, na hamburi; \q2 gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii, na baasi. \q1 \v 3 Ati rassaa kiyya ka ani itti baqadhu, \q2 ka ani yennaa mara itti dhokadhu naa te'i; \q2 ati rassaa kiyyaa fi \q2 kushee jadduu tiyya waan teeteef, \q2 na hamburiisaaf, ajaja baatteerta. \q1 \v 4 Ee Waaqa, harka worra hamaaleyyi'ii, \q2 harka worra hantuu hujuutii fi \q2 harka worra gadhi-jabeeyyi'ii keessaa na baasi. \q1 \v 5 Ee Gootta'a, Mootii Waan Maraa, \q2 ati addii tiyya waan teeteef, \q2 dargaggummaa tiyyaa jalqaddee \q2 ka ani itti addadhu. \q1 \v 6 Gadhaa haadha tiyyaa keessaa \q2 akka dhaladhu sittuu godhe; \q2 dhaloota kiyyaa jalqabee sitti irkadheera; \q2 ani yennaa mara si leellisa. \q1 \v 7 Ani nama heddu'uuf fakkeenna te'eera; \q2 ati ammoo addee jadduu ani itti baqadhu. \q1 \v 8 Guyyaa guutuu leellisii fi ulfinni keeti \q2 afaan kiyya guuteera. \q1 \v 9 Yennaa ani dulloometti na hin gatin; \q2 yennaa ani jabeenna kiyya dhabetti na hin lakkisin. \q1 \v 10 Diinoti kiyya waan hantuu na irratti dubbatan; \q2 worri na ijjeesiisaaf barbaadu, \q2 woli woliin mari'atan. \q1 \v 11 Isaan, «Waaqi isa lakkiseera; \q2 ka isa baasu hin jiru; \q2 ari'a'aatii qaba'a» jedhan. \b \q1 \v 12 Ee Waaqa, na irraa hin fagaatin; \q2 Ee Waaqa kiyya, na qarqaariisaaf ariifadhu. \q1 \v 13 Worri diina natti te'u fokko'oon baduu ti; \q2 worri na miidhiisaaf barbaadu, \q2 tuffatamaa fi salphinna uffatuu ti. \q1 \v 14 Ani yennaa mara addii si godhadha; \q2 ittuma ede'ee, ede'ee si leellisa. \q1 \v 15 Laakkossa hujii balchummaa teetiitii fi \q2 fayyisiisa keetii haga wollaalulle, \q2 afaan kiyya guyyaa guutuu hin dubbata. \q1 \v 16 Ee Gootta'a, Mootii Waan Maraa, \q2 ani dhufee hujii teeti jadduu san, \q2 balchummaa teeti qofa lallaba. \b \q1 \v 17 Ee Waaqa, dargaggummaa tiyyaa jalqaddee, \q2 ati na barsiitteerta; \q2 ani haga ammaa hujii teeti ta maade'ee odeessa. \q1 \v 18 Hunna teeti dhaloota dhufuuf, \q2 hujii teeti ta maade'ee worra dhufu'uu jiru maraaf, \q2 haga odeessutti \q2 ani dulloomee arrii baasulle, \q2 Ee Waaqa, na hin lakkisin. \b \q1 \v 19 Ee Waaqa, balchummaan teeti guddattee \q2 ol-gubbaa geetteerti; \q2 ati waan guddoo hujjeerta; \q2 ee Waaqa, ka akka keetii eennu? \q1 \v 20 Ati rakkoo heddu'uu fi \q2 farra akka dhaggu na gootulle, \q2 ati ammalle jiruu tiyya adde'etti deebittee, \q2 qilee lafa jalaa keessaa ol na hin baatta. \q1 \v 21 Ati ulfinna kiyya itti edeeta; \q2 ammalle deebittee na hin jajjabeessita. \b \q1 \v 22 Ee Waaqa kiyya, \q2 marroo addatamummaa teetiitiif, \q2 ani kiraara guddichaan si leellisa; \q1 Ee Woyyicha Israa'elii, \q2 ani maseenqo'oon faaruu leellisaa sii faarsa. \q1 \v 23 Yennaa ani faaruu leellisaa si'iif faarsu, \q2 afaan kiyya, lubbuun tiyya ta ati wodattelle \q2 si'iif hin ilillisan. \q1 \v 24 Worri na miidhiisaaf barbaadu, \q2 fokkifatee waan salphateef, \q2 arrabi kiyya guyyaa guutuu \q2 balchummaa teeti dubbata. \c 72 \s1 Daadimata Marroo Mootichaa \s2 Faaruu Solomoonii. \q1 \v 1 Ee Waaqa, haqa muriisa keeti mootichaaf, \q2 balchummaa teetille isaaf kenni. \q1 \v 2 Innille kolbaa teeti balchumma'aan, \q2 hiyyeeyyiille haqaan hin bulcha. \q1 \v 3 Gaaroti nageya, \q2 koobotille balchummaa hin kennan. \q1 \v 4 Mootichi odduu kolba'aatitti \q2 worra cunqurfameef hin falmata; \q2 inni ijoollee worra hiyyeeyyi'ii hin baasa; \q2 cunqursitoota hin butucha. \q1 \v 5 Haga adu'uu fi ji'i le'anu, \q2 mootichi dhalootaa haga dhalootaatitti bulchuu ti. \b \q1 \v 6 Inni akka bokkeya \q2 fichaa marri irraa haamame irratti roobuu, \q2 akka tiifuu lafa jiittuu te'uu ti. \q1 \v 7 Bara isaatitti balchaan hin daraara; \q2 haga ji'i ifa kennu mara, nageenni hin bacata. \b \q1 \v 8 Inni abbaayaa irraa haga abbaaya'aatitti, \q2 laga Efraaxiisii irraa haga qaccee lafaatitti bulchuu ti. \q1 \v 9 Worri goomolee keessa le'u isa duratti sagaduu ti; \q2 diinoti isaa biyyee arraabanuu ti. \q1 \v 10 Moototi Tarshiishii, ta oddoola keessaa, \q2 gibira isaaf fidanuu ti; \q2 moototi Sheeba'aatii fi Saaba'aalle \q2 kennansa isaaf dhikeessanuu ti. \q1 \v 11 Moototi marti isaaf sagadanuu ti; \q2 gosi biyya adda addaa marti isa tajaajilanuu ti. \b \q1 \v 12 Inni worra hiyyeeyyii gara isaa iyyu, \q2 worra rakkataa nama qarqaaru hin qanne hin baasa. \q1 \v 13 Inni worra dadhaba'aa fi hiyyeeyyi'iif gadhaa laafa; \q2 jiruu worra rakkata'aalle hin hambura. \q1 \v 14 Dhiigi isaanii isa duratti gatii-qabeessa waan te'eef, \q2 inni cunqurfamiisaa fi hunnaan irratti ka'iisa irraa, \q2 lubbuu isaanii hin woda. \b \q1 \v 15 Mootichi bara dheeraa le'uu ti; \q2 worqiin biyya Sheeba'aa isaaf kennantuu ti; \q2 kolbaan yennaa mara isaaf daadimattuu ti; \q2 guyyaa guutuu isa eebbittuu ti. \q1 \v 16 Lafa san keessa midhaan bacatuu ti; \q2 koobota gubba'atti latuu ti; \q2 midhaan inni buusulle \q2 akka midhaan Libaanonii misuu ti; \q1 Kolbaan qachaa keessaa, \q2 akka marra diida keessaa bacattuu ti. \q1 \v 17 Maqaan isaa haga bara baraa jabaatee le'uu ti; \q2 gurri isaa haga bara aduun jirtu mara jiraatuu ti. \q1 Gosi biyya adda addaa marti isaan eebbifantuu ti; \q2 Isaan, «Inni eebbifama'a» jedhanee \q2 isa waamanuu ti. \b \q1 \v 18 Mootiin Waan Maraa, \q2 Waaqi Israa'elii, \q2 ka qofuu waan maade'ee huju, \q2 leellifamuu ti. \q1 \v 19 Maqaan isaa ulfaataan \q2 haga bara baraa leellifamuu ti; \q2 biyyi lafaa duudiin ulfinna isaatiin guutantuu ti. \b \q2 Ameen! Ameen! \b \q1 \v 20 Daadimati Daawitii ilma Iseyii \q2 as irratti muummowe. \c 73 \ms Kitaaba Sadeesso'oo \mr (Far. 73—89) \s1 Haqa Waaqaa \s2 Faaruu Asaafii. \q1 \v 1 Worra Israa'elootaa ka gadhaa qulqullu'uutiif, \q2 Waaqi dhugumaan dansa'a. \q1 \v 2 Ani akka kiyyatti ammoo, miilli kiyya fallaadee, \q2 mucucaadhee jigiisaaf diqqoo hafe. \q1 \v 3 Ani worri hamaan qananoomuun dhaggee, \q2 worra ifi jaju hinaafe. \q1 \v 4 Isaan dhiboo waan hin qanneef, \q2 nafi isaanii fayya'a; gabbaalle'e. \q1 \v 5 Isaan akka worra dhibi'ii rakkinna hin qabanu; \q2 akka kolbaa dhibi'ii balaan isaan hin dhaqqabu. \q1 \v 6 Tanaaf, isaan koora akka seesa mormaa \q2 mormatti naqataneeran; \q2 hunnaan nama irratti ka'iisa \q2 akka woya'aa uffataneeran. \q1 \v 7 Ila isaanii coomatti iitessee gad baase; \q2 gadhaa isaanii hammeennatti guutee irraa dhangala'e. \q1 \v 8 Isaan namatti murgaa waan hantuu dubbatan; \q2 kooraan nama cunqursan. \q1 \v 9 Afaaniin Waaqa ol-gubba'aa arrassan; \q2 arrabaan lafa duudii dhaqqaban. \q1 \v 10 Tanaaf, kolbaan Waaqaa gara isaanii deebitee, \q2 waan isaan jedhanu mara fudhatti. \q1 \v 11 Isaan, «Waaqi attam beekuu dande'a? \q2 Waaqi Ol-Aanaan beekkumsa qabaa?» jedhan. \q1 \v 12 Worri hamaan akkas jiran; \q2 yennaa mara qanannumma'aan le'aa, \q2 durummaa ede'atan. \b \q1 \v 13 Gadhaa kiyya qulqulleeffachuun, \q2 yakkaa hujiisa irraa \q2 ifi eeggachuun kiyya tolumaa ree? \q1 \v 14 Guyyaa guutuu balaan na dhaqqabe; \q2 ganama mara adabame. \b \q1 \v 15 Ani adoo, «Akkuma isaanii hin dubbadha» jedhee jiraadhee, \q2 kolbaa teeti dabarsee kenneeraayyu. \q1 \v 16 Ani yennaa waan kana hubatiisaaf itti yaade ammoo, \q2 akka malee rakkisaa natti teete. \q1 \v 17 Ani haga Dunkaanii Woyyittii seenee, \q2 waan worri hamaan te'u hubadhutti, \q2 akka malee na rakkitte. \b \q1 \v 18 Ati dhugumaan lafa mucucaattu irra \q2 isaan dhaabbachiitta; \q2 jiganee akka badanu isaan goota. \q1 \v 19 Isaan attam attam dedhuma badane! \q2 Isaan attam attam bararaqiisaan muxuqi jedhane! \q1 \v 20 Akkuma wonni oojju'uun dhaggane, \q2 yennaa dammaqane dhabantu, \q2 Ee Gootta'a, yennaa ati kaatu, \q2 isaan ila teeti duraa hin dhabaman. \b \q1 \v 21 Yennaa lubbuun natti hadhootte, \q2 yennaa gadhaan na cite, \q2 \v 22 ani nama gowwaa, \q2 woy hubatuu hin dandeenne te'ee, \q2 si duratti akka hori'ii te'e. \q1 \v 23 Te'uu malee, \q2 ani yennaa mara si'uma woliin jira; \q2 atille harka kiyya middicha na qadda. \q1 \v 24 Ati gorsa keetiin na sooressita; \q2 muummee irratti gara ulfinnaa na hin fudhatta. \q1 \v 25 Ol-gubba'atti si malee eennu qaba ree? \q2 Lafa irralle'etti si malee ka ani barbaadu, \q2 ka dhibiin hin jiru. \q1 \v 26 Foon kiyyaa fi keessi kiyya dadhabuu dande'an; \q2 Waaqi ammoo jabeenna kiyyaa fi \q2 qooda kiyya ka bara baraa ti. \b \q1 \v 27 Kunoo, worri si irraa fagaatu hin bada; \q2 worra si'iif hin addatanne ati hin balleessita. \q1 \v 28 Anaaf ammoo gara Waaqa dhikaatiisi dansa'a; \q2 hujii teeti mara odeessiisaaf, \q2 ani si Goottaa Mootii Waan Maraa \q2 addee itti baqadhu godhadheera. \c 74 \s1 Kolbaan Akka Baatuuf Daadimata Dhikaate \s2 Wolaloo Asaafii. \q1 \v 1 Ee Waaqa, ati maaf ijjumaa nu lakkitte? \q2 Hoolota tika keeti jala jiranu irratti, \q2 aariin teeti maaf bobeette? \q1 \v 2 Kolbaa teeti ta durii jalqaddee ifiif filatte, \q2 ta gosa teeti akka te'anuuf \q2 garbummaa keessaa wodatte, \q2 gaara Xiyoonii, \q2 ka dhuttee irra qubatte qaabadhu. \q1 \v 3 Diinoti waan mana keeti keessaa \q2 mara balleessaneeran; \q2 koyiitii waan diigamee hafe kana ilaali. \b \q1 \v 4 Diinoti keeti mana keeti keessaa bookkisane; \q2 beessisa ifii ittiin beekkamanulle \q2 achi dhaabbataneeran. \q1 \v 5 Isaan namoota gongomaa keessaa muka muriisaaf, \q2 agaraa fudhatanu fakkaatan. \q1 \v 6 Seesa muka irraa qiriixamee hujame mara, \q2 agara'aa fi burrisaan butuchane. \q1 \v 7 Isaan mana keeti ibiddaan gubane; \q2 addee maqaan keeti itti waamamu batteessane. \q1 \v 8 Isaan gadhaa ifii keessatti, \q2 «Ijjumaa isaan hin balleessina» jedhane; \q2 isaan lafa san keessatti \q2 addee Waaqi itti waaqonfamu mara gubane. \b \q1 \v 9 Haganaa achi beessisi hin jiraatu; \q2 raagille hin jiraatu; \q1 Kun haga yoomii akka te'u, \q2 nu keessaa nami beeku hin jiru. \q1 \v 10 Ee Waaqa haga yoomii diinoti sitti murgan? \q2 Haga yoomii nyaaphoti maqaa keeti tuffatan ree? \q1 \v 11 Ati maaf isaan hin adabin? \q2 Maaf isaan hin balleessin? \b \q1 \v 12 Ee Waaqa, durii duriitii jalqaddee, \q2 ati mootii kiyya; \q2 ati fayyisiisa keeti \q2 lafa irratti fidde. \q1 \v 13 Ati hunna teetiin abbaayaa gargar kutte; \q2 mataa bineensota jawwee fakkaatuu \q2 ka abbaayaa keessaa butuchite. \q1 \v 14 Ati mataa hedduu bineensa naacha fakkaatu \q2 ka abbaayaa keessaa \q2 ka, «Lewaataan» jedhamu butuchite; \q2 foon isaa bineensota goomole'eetiif, \q2 sagalee gootee kennite. \q1 \v 15 Ati maddaa fi caancoo akka maddu goote; \q2 laga yennaa mara yaa'u gossite. \q1 \v 16 Guyyaan keeti; halkanille keeti; \q2 adu'uu fi ji'alle addee isaaniititti sittuu keye. \q1 \v 17 Ka meessaa lafaa tolche si'i; \q2 bonaa fi gannalle sittuu dade. \b \q1 \v 18 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 diinoti keeti attam akka si irratti murgane, \q2 kolbaan gowwaan \q2 maqaa keeti attam akka tuffatte qaabadhu. \q1 \v 19 Lubbuu kolbaa teetii worra akka saphaliisaa, \q2 bineensatti dabarsitee hin kennin. \q2 Jiruu kolbaa rakkattuu teetii \q2 haga bara baraa hin dedhin. \b \q1 \v 20 Lafa addee dukkanaa keessatti, \q2 hunnaan nama irratti ka'iis waan guuteeruuf, \q2 ati gondooroo teeti qaabadhu. \q1 \v 21 Worri cunqurfame fokkifatee \q2 akka deebi'u hin godhin; \q2 worri hiyyeeyyi'ii fi deegi \q2 maqaa keeti leellisanuu ti. \b \q1 \v 22 Ee Waaqa ka'i! Waan keeti falmadhu; \q2 worri gowwaan \q2 guyyaa guutuu akka sitti murgu qaabadhu. \q1 \v 23 Hogaa nyaapha keetiitii fi \q2 harqiisa diina keetii hin dedhin. \c 75 \s1 Waaqi Abbaa Mura'aa Ti \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti faarfatante. \q1 \v 1 Ee Waaqa, nuuti si galateeffanna; \q2 maqaan keeti dhikoo waan jiruuf, \q2 nuuti si galateeffanna; \q2 kolbaan hujii teeti ta maade'ee hin odeessiti. \b \q1 \v 2 Waaqa ati, «Ani yennaa muraa kennu murteesseera; \q2 ani yennaa sanitti muraa sirri'ii hin kenna. \q1 \v 3 Yennaa lafaa fi wonni isii irraa marti tachootu, \q2 utubaa isi'ii ka jabeessu ana. \q1 \v 4 Ani worra kooruun, ‹Haganaa achi hin koorina'a!› \q2 Worra hamoole'een, ‹Gaafa hin baasina'a! \q2 \v 5 Gaafa keessan gara ol-gubba'aa \q2 ol hin togina'a! \q2 Morma yaafattanee \q2 hin dubbatina'a!› jedhaan» jetta. \b \q1 \v 6 Ulfinni baya adu'uu irraa, \q2 yookiin seensa adu'uu irraa, \q2 yookiin goomolee keessaa hin dhufu. \q1 \v 7 Muraa ka kennu ammoo Waaqa; \q2 inni tokko gadi qabee, \q2 kaan ol hin qaba. \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa \q2 muduunuu daadhii woyni'ii ta mufi'ii \q2 hoomachoottuu harkaa qaba; \q2 inni gad isii cossa; \q2 worri hamaaleyyiin lafaa marti, \q2 cingifatanee unan. \b \q1 \v 9 Ani ammoo haga bara baraa tana hin lallaba; \q2 Waaqa Yaaqoobii faaru'uun hin leellisa. \q1 \v 10 Inni hunna worra hamoole'ee hin cassa; \q2 hunni worra balchoole'ee ammoo hin ede'anti. \c 76 \s1 Injifatiisa Waaqaa \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta meya ribu'uutiin faarfatante. \q1 \v 1 Waaqi biyya Yihuda'aatitti beekkama'a; \q2 Israa'el keessatti maqaan isaa gudda'a. \q1 \v 2 Dunkaaniin isaa Yerusaalem keessa; \q2 addeen woyyittiin isaa gaara Xiyoonii irra. \q1 \v 3 Inni achitti daaya balaqqisaa deentu, \q2 wontee, shallaaga'aa fi \q2 meya woraanaa mara caccasse. \b \q1 \v 4 Ee Waaqa ati attam attam ulfaata'a! \q2 Arnyi keeti gaarota gugurdaa caala. \q1 \v 5 Worri jannooti saamamanee, \q2 akka malee rafaneeran; \q2 isaan keessaa tokkolle, \q2 harka ifiitiin womaa hujuu hin dandeenne. \q1 \v 6 Ee Waaqa Yaaqoobii, \q2 xixicha keetiin \q2 abbaan fardaatii fi fardi isaalle jigane. \q1 \v 7 Ati ammoo sodaatama'a; \q2 yennaa aariin teeti kaate, \q2 eentu si dura dhaabbatuu dande'a? \q1 \v 8 Ati ol-gubbaa irraa muraa teeti lassite; \q2 biyyi lafaalle sodaattee cadhitte. \q1 \v 9 Ee Waaqa, \q2 worra biyya lafaa irratti cunqurfame wodiisaaf, \q2 yennaa ati muraa kenniisaaf kaate, \q2 biyyi lafaa cadhitte. \b \q1 \v 10 Mufiin teeti waan hantuu waan mormituuf, \q2 kolbaan si leellifatti; \q2 worri mufii teeti irraa hafe \q2 waan hantuu hujiisa hin lakkisa. \b \q1 \v 11 Waaqa Mootii Waan Maraa keessaniif \q2 waadaa gala'a; \q2 waan waadaa galtane san muummessa'a. \q1 Worri lafa adaala isaa jiru marti \q2 ka sodaatamu'uu maleef kennansa fidanuu ti. \q1 \v 12 Inni qondaaltota kooranu gad qaba; \q2 mootota lafa irraalle akka malee sodaachisa. \c 77 \s1 Daadimata Jajjabeessiisaa \s2 Faaruu Asaafii sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf. \q1 \v 1 Ani qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya; \q2 akka inni naaf dhage'u, \q2 qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya. \q1 \v 2 Yennaa rakkinnaa keessa Goottaa barbaadadhe; \q2 halkan guutuu harka kiyya diriirse; \q2 te'uu malee ani hin jajjabaanne. \q1 \v 3 Ee Waaqa, ani yennaa si qaabadhu hin aada; \q2 yennaa guddisee itti yaadu hin gaggaba. \q1 \v 4 Ati ila wolitti qabatiisa na dhooggite; \q2 haga dubbatiisa dadhabutti rakkadhe. \q1 \v 5 Ani marroo bara durii yaade; \q2 woggoota durii durii qaabadhe. \q1 \v 6 Halkan keessa faaruu tiyya ta durii qaabadhe; \q2 ani guddisee itti yaadee, yaada kiyya qorqoree, \q1 \v 7 «Goottaan haga bara baraa nu hin gataa? \q2 Inni ijjumaa deebi'ee nu'uuf hin nayuu? \q1 \v 8 Jaalalli isaa ka bara baraa, \q2 haga bara baraa dhumatee? \q2 Waadaan inni gale yoona hin muummowuu ree? \q1 \v 9 Waaqi marartii dedhee? \q2 Aariin gadhi-laafummaa isaa dhooggitee ree?» jedhe. \b \q1 \v 10 Achiin duuba ani, «Hunni Waaqa Ol Aana'aa \q2 waan jijjiiranteef, gaddee laaleffadhe» jedhe. \b \q1 \v 11 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani hujii teeti gugurdoo hin yaadadha; \q2 bilbaasota ati dur goote hin qaabadha. \q1 \v 12 Ani marroo hujii teetii mara hin heda; \q2 hujii teeti gugurdoo mara itti hin yaadadha. \b \q1 \v 13 Ee Waaqa, karaan keeti woyyicha; \q2 waaqota keessaa \q2 guddaan akka Waaqa keennaa eennu? \q2 \v 14 Ati Waaqa bilbaasa huju; \q2 ati gosa biyya adda addaa oddu'utti \q2 hunna teeti mudhitteerta. \q1 \v 15 Ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobiitii fi Yoseefii, \q2 hunna teeti jaddu'uun wodatteerta. \b \q1 \v 16 Ee Waaqa bisaan hedduun \q2 si dhagganee sodaatane; \q2 qileen abbaaya'aalle raafante. \q1 \v 17 Duumensi bisaan gad coccosse; \q2 gubbaa irraa mandiisuun mandiite. \q2 Balaqqeettiin akka daayaa gara mara balaqqitte. \q1 \v 18 Hobonbolattii keessa mandiisuun dhage'ante; \q2 balaqqeettiin biyya lafaa issite; \q2 latti rommitee tachoote. \q1 \v 19 Abbaayaa keessa karaa, \q2 bisaan gugurdaa keessa daandii godhatte; \q2 faanti miila keetii ammoo hin mudhanne. \q1 \v 20 Harka Muuse'eetii fi Aaroniitiin \q2 akka nama hoolee tissuu \q2 ati kolbaa teeti sooressite. \c 78 \s1 Waaqaa Fi Kolbaa Waaqaa \s2 Wolaloo Asaafii. \q1 \v 1 Ee kolbaa tiyya, barsiisa kiyya caqasa'a; \q2 gurra keessan \q2 gara dubbii afaan kiyyaa deebifadha'a. \q1 \v 2 Ani fakkeennaan afaan kiyya hin saaqadha; \q2 dubbii dhossa'aa \q2 ta durii jalqaddee dhoffante hin mudhisa. \q1 \v 3 Dubbiin tun ta dhageennee hin beenne, \q2 ta abbootiin teenna ta durii nutti hinte, \q2 \v 4 nuuti ijoollee isaanii hin dhossinu; \q2 marroo leellisa Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa, \q2 marroo bilbaasa inni hujee, \q2 dhaloota dhufutti hin hinna. \b \q1 \v 5 Inni ajaja sanyii Yaaqoobiitiif kennee, \q2 seera Israa'el keessatti baasee, \q2 ijoollee ifiille akka barsiisanu \q2 abbootii teenna ta durii ajaje. \q1 \v 6 Wonni inni tana godheef, \q2 dhalooti itti aanu tana akka beeku, \q2 worri amma hin dhalatinille \q2 ijoollee ifii akka barsiisu. \q1 \v 7 Achiin duuba ijoolleen sun Waaqatti addatti; \q2 hujii Waaqaalle hin deetu; \q2 ajaja isaalle yennaa mara eeggatti. \q1 \v 8 Isaan akka abbootii ifii ta durii, \q2 mati-jabeeyyi'ii fi worra Waaqa irratti ka'u, \q2 worra gadhaan isaanii \q2 Waaqaaf addatamumma'aan hin jabaanne, \q2 worra qalbiin isaanii \q2 Waaqaaf hin addatanne hin te'anu. \q1 \v 9 Loltooti worri Efreemii \q2 worri guube'ee fi daaya qabataneeranu, \q2 guyyaa lolaa baqatane. \q1 \v 10 Isaan gondooroo Waaqaa hin eeganne; \q2 akka seera isaatitti deemuu didane. \q1 \v 11 Isaan waan inni hujee fi \q2 bilbaasota inni itti mudhise dedhane. \q1 \v 12 Biyya Gibxi'iititti, diida Zo'aaniititti, \q2 fuula abbootii isaanii duratti \q2 Waaqi bilbaasota huje. \q1 \v 13 Inni abbaayaa gargar kutee, \q2 keessa isaan dabarse; \q2 bisaanille akka tuula'aa dhaabbachiise. \q1 \v 14 Guyyaa duumensaan, \q2 halkan guutuu ifa ibiddaatiin isaan sooresse. \q1 \v 15 Inni lafa goomole'ee keessatti rassaa dhoosee, \q2 bisaan akka bisaan abbaaya'aa, \q2 kenneefii isaan obaase. \q1 \v 16 Inni rassaa keessaa bisaan baasee, \q2 akka lagaa lolaase. \b \q1 \v 17 Isaan ammoo ittuma ede'anee \q2 isa irratti cubbuu hujanee, \q2 goomolee keessatti \q2 Waaqa Ol Aanaa irratti ka'ane. \q1 \v 18 Isaan sagalee halchane gaafatiisaan, \q2 Waaqa haga ilaalane. \q1 \v 19 Isaan Waaqa irratti ka'anee, \q2 «Waaqi goomolee keessatti \q2 sagalee qopheessee hin dande'aa? \q1 \v 20 Yennaa inni rassaa dhowe, \q2 bisaan akka lagaa keessaa lola'e. \q1 Inni ammoo sagaleelle nuu kennuu hin dande'aa ree? \q2 Yookiin kolbaa ifiitiif \q2 foon kennuu hin dande'aa ree?» jedhane. \b \q1 \v 21 Mootiin Waan Maraa yennaa tana dhage'e, \q2 aaree bobe'e; \q2 sanyii Yaaqoobii irratti ibiddi gabbate; \q2 aariin isaa Israa'el irratti bobeette. \q1 \v 22 Wonni tun teeteef, \q2 isaan Waaqatti hin dhugeeffanne; \q2 akka inni isaan fayyisulle isatti hin addanne. \q1 \v 23 Te'uu malee, inni duumensa gubba'aa ajajee, \q2 balbala ol-gubba'aa bane; \q2 \v 24 akka isaan nyaatanuuf \q2 mannaa gad isaaniif roobisiisee, \q2 midhaan ol-gubba'aa isaaniif kenne. \q1 \v 25 Maarre isaan \q2 sagalee ergantoota Waaqaa nyaatane; \q2 Waaqi sagalee isaan quussitu isaaniif erge. \q1 \v 26 Inni qilleensi baya adu'uu akka ka'u godhe; \q2 hunna ifiitiin qilleensa kibbaalle kaase. \q1 \v 27 Inni foon akka biyye'ee bacatu, \q2 barbadi-kille akka maansa abbaaya'aa \q2 isaaniif roobisiise. \q1 \v 28 Gororrii san quttuma isaanii keessa, \q2 adaala dunkaanii isaanii maratti gad harcaase. \q1 \v 29 Inni waan isaan dharra'ane waan isaanii kenneef, \q2 isaan nyaatanee akka malee quufane. \q1 \v 30 Ammoo adoo isaan dharraa hin bayinuu, \q2 adoo nyaatiisatti jiranuu, \q1 \v 31 Waaqi isaanitti aaree, \q2 isaan keessaa worra jajjabaa ijjeese; \q2 dargaggeeyyii Israa'eliille qoome. \b \q1 \v 32 Tana mara keessatti \q2 isaan cubbuu hujiisa hin lakkinne; \q2 bilbaasa inni godhelle hin dhugeeffanne. \q1 \v 33 Tanaaf, inni ganna isaanii \q2 akka hafuura baafata tokkochaa godhee, \q2 jiruu isaanii bararaqaan fixachiise. \q1 \v 34 Yennaa inni isaan keessaa ijjeese, \q2 isaan isa barbaadane; \q2 cubbuu irraa deebi'anee, \q2 gadhaa tokkochaan gara isaa deebi'ane. \q1 \v 35 Isaan Waaqi rassaa isaanii, \q2 Waaqi Ol Aanaan \q2 wodoo isaanii akka te'e qaabatane. \q1 \v 36 Isaan ammoo afaaniin isa kookkisane; \q2 arraba ifiitiin soba isatti dubbatane. \q1 \v 37 Gadhaan isaanii isaaf hin addatanne; \q2 gondooroo isaalle hin eeganne. \b \q1 \v 38 Waaqi ammoo kolbaa ifiitiif mararee, \q2 yakkaa isaaniif araarame malee, \q2 isaan hin balleessine; \q2 inni yennaa hedduu aarii ifii caffate; \q2 mufii ifii mara ol hin kaanne. \q1 \v 39 Inni nama foonii qofa te'iisa isaanii, \q2 qilleensa dabaru, \q2 ka deebi'ee hin dhunne akka te'ane qaabate. \q1 \v 40 Isaan goomolee keessatti \q2 yennaa hedduu isa irratti ka'anee, \q2 gammoojjii keessatti \q2 yennaa hedduu isa gaddisiisane. \q1 \v 41 Isaan itti deddeebi'anee \q2 Waaqa haga ilaalane; \q2 Woyyicha Israa'elii gaddisiisane. \q1 \v 42 Isaan hunna isaa, \q2 ta guyyaa inni diinota jalaa isaan wodee, \q2 \v 43 biyya Gibxi'ii keessatti hujii baasaatii fi \q2 bilbaasota inni diida Zo'aaniititti huje hin qaabanne. \q1 \v 44 Inni bisaan laga isaanii mara \q2 gara dhiigaa jijjiire; \q2 tanaaf worri Gibxi'ii bisaan yaa'u keessaa \q2 unuu hin dandeenne. \q1 \v 45 Inni tiiticha isaan iddu, \q2 raacha isaan balleessu itti erge. \q1 \v 46 Midhaan isaanii korophiisaaf, \q2 eloo isaanii awwaannisaaf kenne. \q1 \v 47 Muka woynii isaanii dhakaa roobaatiin, \q2 muka harru'uu ka isaanii qorraan balleesse. \q1 \v 48 Loon isaanii dhakaa roobaatiin, \q2 karra horii isaanii banqo'oon fixe. \q1 \v 49 Inni aarii ifii ta bobeettu, \q2 mufii ifii, aarii jaddu'uu fi \q2 golii ergantoota Waaqaa \q2 ta balaa badi'ii hiikee isaanitti gad lakkise. \q1 \v 50 Inni aarii ifiitiif daandii qopheesse; \q2 lubbuu isaanii bala'aaf dabarsee kenne malee, \q2 du'a irraa isaan hin hamburre. \q1 \v 51 Inni biyya Gibxi'ii keessatti, \q2 angafa te'ee ka dhalate, \q2 ilma angaficha mara \q2 dunkaanii sanyii Kaamii keessatti ijjeese. \b \q1 \v 52 Achiin duuba inni kolbaa ifii \q2 akka hoole'ee achii baasee, \q2 akka tika hoole'eelle \q2 goomolee keessa isaan sooresse. \q1 \v 53 Inni nageyaan waan isaan sooresseef, \q2 isaan hin sodaanne; \q2 diinota isaanii ammoo abbaayaan liqinsite. \q1 \v 54 Inni gara lafa woyyittii ifii, \q2 gara gaara harka ifii middichaan injifatee qabateeruu isaan fide. \q1 \v 55 Inni gosa biyya adda addaa isaan duraa ari'ee baase; \q2 lafa isaanii isaan dhaalchisee, \q2 mana isaaniille gosa Israa'eliitiif qoode. \b \q1 \v 56 Isaan ammoo Waaqa Ol Aanaa haga ilaalanee, \q2 isa irratti ka'ane; \q2 seerata isaalle hin eeganne. \q1 \v 57 Isaan akkuma abbootii ifii ta durii irraa garagalanee, \q2 addatamuu dhabanee \q2 akka guubee qajeelatti daaya hin darbannee micciiramane. \q1 \v 58 Addee waaqonfannaa ifiitiin isa aarsane; \q2 waaqota dharaa ifiitiin hinaaffa'atti isa kaasane. \q1 \v 59 Waaqi tana yennaa dhage'e, aaree bobe'e; \q2 inni ijjumaa Israa'el gate. \q1 \v 60 Inni addee bultoo ifii, ka Shiilo'oo, \q2 dunkaanii odduu namaatitti keessa bulu lakkise. \q1 \v 61 Inni Saanduqa Gondooro'oo, \q2 ka beessisa hunnaa isaatii fi ulfinna isaa te'e, \q2 harka diinaatitti booju'uuf \q2 dabarsee kenne. \q1 \v 62 Inni kolbaa ifiititti guddoo aaree, \q2 shallaaga'aaf dabarsee kenne. \q1 \v 63 Dargaggeeyyii isaanii ibiddi fixe; \q2 durri isaanii nama heerumtu dhadde. \q1 \v 64 Hayyooti isaanii shallaaga'aan dhumatane; \q2 niitoti isaanii \q2 isaaniif bowiisa hin dandeenne. \b \q1 \v 65 Achiin duuba Goottaan \q2 akka waan hirriibaa dammaqee, \q2 akka nama janna \q2 daadhii woyni'ii quufee dhaadatuu ka'e. \q1 \v 66 Inni diinota ifii dhowee \q2 gara duubaa deebisee, \q2 haga bara baraa isaan fokkisiise. \q1 \v 67 Inni dunkaanii Yoseefii tuffatte; \q2 sanyii Efreemiille hin filanne; \q2 \v 68 ammoo gosa Yihuda'aatii fi \q2 gaara Xiyoonii ka jaalatu filate. \q1 \v 69 Inni mana Woyyicha ifii \q2 akka kooba dheera'aa ijaaree, \q2 akka lafaa haga bara baraa jabeessee dhaabe. \q1 \v 70 Inni tajaajilaa ifii Daawiti filate; \q2 tika hoole'ee keessaa isa fudhate. \q1 \v 71 Hoolee haadhotii ilmoole'ee tissiisa lakkisee, \q2 kolbaa ifii Yaaqoob, \q2 Israa'elii ifiitiif tissee akka te'u isa fide. \q1 \v 72 Inni gadhaa qajeela'aan isaan tisse; \q2 qarumma'aan guutamee isaan sooresse. \c 79 \s1 Daadimata Nageya Biyyaatiif Dhikaate \s2 Faaruu Asaafii. \q1 \v 1 Ee Waaqa, gosi biyya adda addaa \q2 lafa teeti fudhatiisaaf nu lolaneeran; \q2 Galma Woyyicha keeti batteessaneeran; \q2 Yerusaalemille diiganeeran. \q1 \v 2 Reeffa tajaajiltoota teetii allaatti'iif, \q2 foon addatantoota teetii bineensaaf \q2 sagalee godhaneeran. \q1 \v 3 Isaan adaala Yerusaalemiititti, \q2 dhiiga isaanii akka bisaanii dhangalaasaneeran; \q2 nami isaan awwaalulle hin jiru. \q1 \v 4 Nuuti gosa biyya addaa \q2 ta ollaa keennaatiif shasha, \q2 gosa biyya adda addaa ta adaala keennaatiif, \q2 waan murgo'ootii fi waan coora'aa teeneerra. \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 kun haga yoomii akkas te'a? \q2 Ati haga bara baraa aartaa? \q2 Hinaaffaan teeti \q2 haga yoomii akka ibiddaa bobeetti ree? \q1 \v 6 Mufii teeti gosa biyya adda addaa \q2 ta si hin beenne irratti, \q2 mootummoota maqaa keeti hin waammanne \q2 irralle'etti dhangalaasi. \q1 \v 7 Wonni tana gootuuf, \q2 isaan kolbaa Yaaqoobii fixaneeran; \q2 qe'ee isaanii onsaneeran. \b \q1 \v 8 Yakkaa abbootii teenna ta durii, \q2 nutti hin laakkowin; \q2 mataa keenna guddoo waan gad qabanneef, \q2 marartiin teeti ariiti'iin gara keenna dhuttuu ti. \q1 \v 9 Ee Waaqa fayyisaa keenna, \q2 ulfinna maqaa keetiitiif jedhii nu qarqaar; \q2 maqaa keetiif jedhii nu baasi; \q2 cubbuu teennalle nuu araarami. \q1 \v 10 Gosi biyya adda addaa maaf, \q2 «Waaqi isaanii meet?» jedhanee gaafatan ree? \q1 Dhiiga tajaajiltoota teetii ka dhangalaafameef, \q2 ila teenna duratti haluu bayiisi keeti, \q2 gosa biyya adda addaa oddu'utti beekkamuu ti. \b \q1 \v 11 Aadiis worra hidhamee si bira gewuu ti; \q2 hunna teeti guddo'oon \q2 worra duuti itti murante hamburi. \q1 \v 12 Ee Gootta'a, \q2 arraba worri ollaa keennaa si arrassane, \q2 dachaa torba godhiitii itti deebisi. \q1 \v 13 Achii duuba nuuti kolbaan teeti, \q2 worri tika keeti jala jirru, \q2 haga bara baraa si galateeffanna; \q2 dhalootaa haga dhalootaatitti si leellifanna. \c 80 \s1 Adde'etti Deebi'iisa Israa'eliitiif Daadimata Dhikaate \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante, ta dhugaa bayiisaa. \q1 \v 1 Ee tissee Israa'elii, \q2 ka sanyii Yoseefii akka hoole'ee sooressitu, \q2 ka barcumaa mootumma'aa keeti \q2 ka wodhakkaa dada ol-gubba'aa \q2 ta koola qadduu irra teetteertu, \q2 nuu dhage'i; \q2 ifa keeti issiitii, \q2 \v 2 sanyii Efreemii, sanyii Beniyaaminiitii fi \q2 sanyii Minaasee duratti mudhisi. \q1 Hunna teetiin ka'iitii, \q2 koyii nu baasi. \b \q1 \v 3 Ee Waaqa adde'etti nu deebisi; \q2 nuu marariitii nu baasi. \b \q1 \v 4 Ee Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa waan mara dande'u, \q2 haga yoomii daadimata kolbaa teetiititti aarta? \q1 \v 5 Ati imimmaan akka sagale'ee isaan areerte; \q2 akka bisaanii imimmaan isaan obaatte\f + \fr 80:5 \fr*\fqa Obaatte: \fqa*\ft Yookiin obaache\ft*\f*. \q1 \v 6 Gosi biyya adda addaa ta ollaa keennaa, \q2 lafa teenna fudhatiisaaf \q2 akka wol lolanu goote; \q2 diinoti keennalle nutti murgane. \b \q1 \v 7 Ee Waaqa waan mara dande'u, \q2 adde'etti nu deebisi; \q2 nuu marariitii nu baasi. \b \q1 \v 8 Ati muka woyni'ii\f + \fr 80:8 \fr*\fqa Muka woyni'ii: \fqa*\ft Muki woyni'ii kun Israa'eloota ilaala.\ft*\f* biyya Gibxi'iitii fiddee, \q2 gosa biyya adda addaa ariitee baattee, \q2 lafa san keessatti dhaadde. \q1 \v 9 Ati lafa san cirteefii, \q2 muki woyni'ii sunille hidda gad fageeffatee, \q2 lafa san guute. \q1 \v 10 Gaaroti gaaddisa isaatiin gollamane; \q2 dameeleen isaalle hindheensa gugurdaa gollite. \q1 \v 11 Dameelee ifii haga abbaayaa Mediteraaniya'aa, \q2 kichuu ifiille haga laga Efraaxiisii diriirfate. \q1 \v 12 Ati maaf dalleya isatti marfameeru irraa diiddee, \q2 nami karaa san dabaru marti \q2 midhaan isaa irraa guurata ree? \q1 \v 13 Gurreen gongoma'aa irra sirban; \q2 bineensi marti irraa nyaatan. \b \q1 \v 14 Ee Waaqa waan mara dande'u, \q2 gara keenna deebi'i; \q2 ol-gubbaa irraa gad nu ilaalii, nuu dhaggi; \q2 muka woyni'ii kana kunuunsi. \q1 \v 15 Muka harki keeti middichi dhaabe kana, \q2 biqiltuu ifiif guddifate tana eegi. \b \q1 \v 16 Diinoti muranee, ibiddaan gubaneeran; \q2 xixxaa teetiin isaan ilaalii, isaan balleessi. \q1 \v 17 Nama harka keeti middicha keessa jiru, \q2 ka ifiif jabeeffatte, \q2 harki keeti isa irra jiraatuu ti. \q1 \v 18 Achiin duuba nuuti \q2 ijjumaa si irraa duubatti hin deebinu; \q2 jiruu nuu kenni; \q2 nuutille maqaa keeti waammanna. \b \q1 \v 19 Ee Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa waan mara dande'u, \q2 adde'etti nu deebisi; \q2 nuu marariitii nu baasi. \c 81 \s1 Faaruu Guyyaa Jilaa \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta suusulle'een faarfatante \q1 \v 1 Waaqa jabeenna keenna te'eef, \q2 qoonqoo guddo'oon faarsa'a; \q2 Waaqa Yaaqoobiitiif ilillisa'a. \q1 \v 2 Faaruu jalqaba'a; dibbeelle dhowa'a; \q2 maseenqoo namatti toltuu fi \q2 kiraara guddicha dhowa'a. \q1 \v 3 Baatii ji'aatitti, goobana ji'aatitti, \q2 guyyaa jila teennaatitti tultullaa afuufa'a. \q1 \v 4 Kun Israa'eliif seerata; \q2 ajaja Waaqa Yaaqoobii ti. \q1 \v 5 Inni yennaa biyya Gibxi'ii dhowiisaaf baye, \q2 ajaja kana ijoollee Yoseefiitiif kenne. \q1 Qoonqoon ani dur hin beenne takka, \q1 \v 6 «Ani gurmuu teessan irraa ba'aa buuse; \q2 harka keessan kollonjoo qabatiisa irraa bilisa baase. \q1 \v 7 Isin rakkinna keessa na waammattane; \q2 anille isin baase; \q2 addee gollaa jirtu, \q2 duumensa mandi'u keessaa deebii isinii kenne; \q2 ani bisaan Mariiba'aa\f + \fr 81:7 \fr*\fqa Mariibaa: \fqa*\ft Yaadannoo Bay. 17:7 irratti kenname ilaali.\ft*\f* biratti haga isin ilaale. \q1 \v 8 Ee kolbaa tiyya, \q2 yennaa ani ifi isin eeggachiisu dhage'a'a; \q2 ee Israa'el, adoo naaf dhageettanee jiraattanee, \q2 attam attam dansa'a! \q1 \v 9 Waaqoti alagaan odduu teessan hin jiraatin; \q2 waaqota ormaaf hin sagadina'a. \q1 \v 10 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, \q2 ka lafa Gibxi'ii keessaa isin baase; \q2 afaan keessan badhisa'aatii banadha'a; \q2 anille hin guuta. \b \q1 \v 11 «Kolbaan tiyya ammoo na hin dhageenne; \q2 Israa'el naaf hin ajajanne. \q1 \v 12 Maarre ani mataa jabeeyyii akka te'anuuf, \q2 yaada ifiille akka hordofanuuf isaan lakkise. \q1 \v 13 Kolbaan tiyya adoo naaf dhageettee jiraattee, \q2 Israa'el adoo karaa kiyya ideentee jiraattee, \q2 \v 14 ani silaa ariiti'iin \q2 diinota isaanii hin jilbiissisaayyu; \q2 harka kiyyalle \q2 gara nyaapha isaanii hin deebifadhaayyu. \q1 \v 15 Worri ana Mootii Waan Maraa jibbu \q2 na duratti hin jiganiiyyu; \q2 adabbiin isaaniille \q2 haga bara baraa hin teetiiyyu. \q1 \v 16 Ani ammoo silaa \q2 qamadii dansaa isin Israa'el areeraayyu; \q2 damma hollaalle isin quussaayyu» jette. \c 82 \s1 Waaqi Bulchaa Ol Aana'a \s2 Faaruu Asaafii. \q1 \v 1 Waaqi yaa'ii ol-gubba'aa keessa dhaabbata; \q2 waaqota oddu'utti muraa kenna. \q1 \v 2 Inni, «Isin haga yoomii \q2 muraa sirrii hin te'in murtan? \q2 Haga yoomii worra hamaaleyyi'iif golii teetan? \q1 \v 3 Worra dadhaba'aa fi \q2 ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef, \q2 dhugaa mura'a; \q2 worra hiyyeeyyi'ii fi worra cunqurfamaa \q2 haqa isaanii eega'a. \q1 \v 4 Worra dadhaba'aa fi hiyyeeyyii hambura'a; \q2 harka worra hamaaleyyi'ii keessaa isaan baasa'a. \b \q1 \v 5 «Worri hamaaleyyiin hin beekanu \q2 yookiin womaa hin hubatanu; \q2 dukkana keessa deddeebi'an; \q2 hundeen lafaa duudiin raafante. \q1 \v 6 Anille, ‹Isin waaqota; \q2 marti keessanuu \q2 ilmaan Waaqa Ol Aana'aa ti› jedhe. \q1 \v 7 Te'uu malee, isin akkuma namaa hin duutan; \q2 akkuma bulchaa tokkoo hin jiddan» jedhe. \b \q1 \v 8 Gosi biyya adda addaa teeti waan teeteef, \q2 ee Waaqa ka'ii, biyya lafaa irratti muraa kenni. \c 83 \s1 Diinoti Israa'elii Akka Injifatamanuuf Daadimata Dhikaate \s2 Faaruu Asaafii. \q1 \v 1 Ee Waaqa, hin cadhisin; \q2 hin sarmin yookiin cadhittee hin ilaalin. \q2 \v 2 Amumaayyuu diinoti keeti \q2 finqila kaasaneeran; \q2 worri si jibbu mataa ifii togeera. \q1 \v 3 Isaan kolbaa teeti irratti mala dhowani; \q2 worra ati jaalattu irratti mari'atan. \q1 \v 4 Isaan, «Maqaan gosa biyya Israa'elii, \q2 deebi'ee akka hin qaabatanne, \q2 akka isaan kolbaa hin teene, \q2 kowaa, isaan balleessinaa» jedhan. \b \q1 \v 5 Yaada tokkoon wolii galanee \q2 si irratti mala dhowane; \q2 si irratti ka'iisaaf wol gondooratane; \q1 \v 6 Isaan kun kolbaa Edoomii, kolbaa Ishimaa'elii, \q2 kolbaa Mo'aabiitii fi Aggaarii, \q2 \v 7 kolbaa Gebaaliitii fi Amoonii, Amaaleqoota, \q2 worra Filisxeemotaatii fi Xiiroosii ti. \q1 \v 8 Worri Asooriille isaanitti ede'amanee \q2 sanyii Looxii gargaarane. \b \q1 \v 9 Worra Miidiyaanii akkuma goote, \q2 laga Qiisoniititti \q2 Siisaara'aa fi Yaabiin akkuma goote, \q2 isaan kanalle akkasuma godhi. \q1 \v 10 Worri sun Endooritti ijjeefamanee, \q2 shamanee lafaaf kosii te'ane. \q1 \v 11 Qondaaltota isaanii \q2 akkuma Oreebiitii fi Ze'eebii, \q2 sooressitoota isaaniille \q2 akkuma Zeeba'aa fi Xaalmuna'aa godhi. \q1 \v 12 Isaan, «Lafa kaloo kolbaa Waaqaa \q2 fudhannee teenna godhanna» worra jedhe. \b \q1 \v 13 Ee Waaqa kiyya \q2 akka bukuu hobonbolattiin garagaggalchituu, \q2 akka huura qilleensi fuudhee deemuu isaan godhi. \q1 \v 14 Akkuma ibiddi gongomaa muxuqi godhu, \q2 akkuma bobeenni gaara gubu, \q2 \v 15 ati bubbee teetiin isaan ari'i; \q2 hobonbolattii teetiin isaan bararassi. \q1 \v 16 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 akka isaan maqaa keeti barbaadanu, \q2 isaan fokkisiisi. \q1 \v 17 Haga bara baraa isaan qaanessiitii naasisi; \q2 isaan salphinnaan badanuu ti. \q1 \v 18 Isaan maqaan keeti Mootii Waan Maraa akka te'e, \q2 ati callaan lafa duudii irratti \q2 Waaqa Ol Aanaa akka teete beekanuu ti. \c 84 \s1 Mana Waaqaa Dharra'uu \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu ilmaan Qoraahii ta suusulle'een faarfatante. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa \q2 ka Waan Mara Dadde, \q2 Galmi ati keessa leetu \q2 attam attam natti tola! \q1 \v 2 Lubbuun tiyya \q2 badhinna Dunkaanii Woyyittii \q2 Mootii Waan Maraa keessa \q2 jiraatiisaaf dharraatee gaggaddi. \q1 Gadhaan kiyyaa fi foon kiyya, \q2 Waaqa jiraata'aaf ilillisan. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa \q2 Ka Waan Mara Dadde, \q2 mootii kiyya, Waaqa kiyya; \q2 addee ciinca'aa teetitti, \q2 sinbirrooti didiqqoon mana ifii, \q2 maddoolle mandhee ilmoolee ifii keyattu \q2 ijaarrataneeran. \q1 \v 4 Worri mana keeti keessa le'u ka gammade; \q2 isaan yennaa mara si leellisan. \b \q1 \v 5 Worri gara gaara Xiyoonii deemiisaaf, \q2 gadhaa ifii keessatti dharra'ee, \q2 hunna si biraa dhaggatu ka gammade. \q1 \v 6 Isaan yennaa dhooqa godde, \q2 ta, «Baka» jedhantu keessa dabaranu, \q2 addee maddaa isaaniif teeti; \q2 bokkeenni furmaataalle \q2 dhooqa san keessa haroo eelcha. \q1 \v 7 Isaan akkuma deemanuun jabeenna ede'atan; \q2 Waaqa Xiyoon keessaa dura hin dhikaatan. \b \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa waan mara dande'u, \q2 daadimata kiyya dhage'i; \q2 Waaqa Yaaqoobii na caqasi. \q1 \v 9 Ee Waaqa, wontee teenna ilaali; \q2 mooticha muuddeertuuf gadhaa laafi. \b \q1 \v 10 Addee dhibii \q2 guyyaa kuma tokko ooliisaa mannaa, \q2 badhinna Galma woyyicha keetii keessa \q2 guyyaa tokko ooluu woyya; \q1 Dunkaanii worra hamaaleyyi'ii \q2 keessa tee'iisaa mannaa, \q2 eedduu balbala mana Waaqa kiyyaa \q2 te'u naa woyya. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa \q2 Waaqi akka adu'uu tii fi akka wonte'ee ti; \q2 inni fudhatamaa fi \q2 ulfinna akka dhaggatanu hin godha. \q1 Mootiin Waan Maraa worra komii hin qanne, \q2 waan dansaa hin dhooggatu. \q1 \v 12 Ee Mootii Waan Maraa \q2 Ka Waan Mara Dadde, \q2 nami si'itti addatu ka gammade. \c 85 \s1 Daadimata Nageya Biyyaatiif Dhikaate \s2 Faaruu ilmaan Qoraahii, Sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa \q2 ati lafa teeti mararteerta; \q2 sanyii Yaaqoobiitiif \q2 milkii adde'etti deebitteerta. \q1 \v 2 Ati yakkaa kolbaa teetii araaranteerta; \q2 cubbuu isaaniille mara golliteerta. \q1 \v 3 Mufii teeti lakkitteerta; \q2 aarii teeti ta bobeettu irraa deebiteerta. \q1 \v 4 Ee Waaqa fayyisaa keenna, \q2 adde'etti nu deebisi; \q2 nutti mufatiisa lakkisi. \q1 \v 5 Ati haga bara baraa nutti aartaa ree? \q2 Aarii teeti dhaloota irraa \q2 gara dhalootaatitti dabarsitaa ree? \q1 \v 6 Kolbaan teeti akka sitti guddoo gammadu, \q2 deebittee nu hin jiraachittuu ree? \q1 \v 7 Ee Mootii Waan Maraa \q2 jaalala keeti ka bara baraa nutti mudhisi; \q2 fayyisiisa keeti nuu kenni. \q1 \v 8 Ani waan Waaqi Mootiin Waan Maraa dubbatu \q2 hin caqasa; \q2 kolbaan isaa, worri isaaf addatame, \q2 gara gowwumma'aatitti hin deebi'in malee, \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 nageya isaaniif waadaa gala. \q1 \v 9 Ulfinni isaa \q2 lafa teenna keessa akka jiraatu, \q2 dhugumaan fayyisiisi isaa \q2 worra isa sodaatuuf dhikoo jira. \q1 \v 10 Jaalalli fi addatamummaan wol dhaggan; \q2 balchumma'aa fi nageenni wol sunqatan. \q1 \v 11 Addatamummaan lafa keessaa latti; \q2 balchummaan ol-gubbaa irraa gad ilaalti. \q1 \v 12 Mootiin Waan Maraa \q2 waan dansaa hin kenna; \q2 latti teennalle midhaan hin baatti. \q1 \v 13 Balchummaan dura isaa deenti; \q2 tarkaaffii isaatiif daandii qopheessiti. \c 86 \s1 Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Daadimata Daawitii. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, ani hiyyeessa rakkataa waan te'eef, \q2 gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii, \q2 naa dhage'i. \q1 \v 2 Ani waan si'iif ifi kenneeruuf, \q2 jiruu tiyya eegi; \q2 tajaajilaa keeti ka sitti addatu baasi; \q2 ati Waaqa kiyya. \b \q1 \v 3 Ani guyyaa guutuu gara keeti waan iyyuuf, \q2 ee Mootii Waan Maraa, na marari. \q1 \v 4 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani lubbuu tiyya sitti waan kennadheeruuf \q2 ana tajaajilaa keeti gammachiisi. \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa'a; \q2 namaafille hin araaranta; \q2 worra si waammatuuf, \q2 jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita. \b \q1 \v 6 Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya dhage'i; \q2 iyya gaaffii tiyyaa caqasi. \q1 \v 7 Ati waan deebii naa kennituuf, \q2 ani guyyaa rakkinna kiyyaa \q2 si waammadha. \b \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 waaqota keessaa ka akka keetii hin jiru; \q2 hujiin akka hujii teetiille hin jirtu. \q1 \v 9 Gootta'a, kolbaan biyya adda addaa \q2 ta ati dadde marti gara keeti dhuttee, \q2 si'iif hin sagaddi; \q2 maqaa keetiifille ulfinna hin kenniti. \q1 \v 10 Ati guddaa waan teeteef, \q2 hujii baasaa hin hujja; \q2 ati callaan Waaqa. \q1 \v 11 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani dhugaa teetiin akka deemuuf, \q2 karaa keeti na barsiisi; \q1 Akka ani maqaa keeti sodaadhuuf, \q2 nama gadhaa tokkochaa na godhi. \q1 \v 12 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, \q2 ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha; \q2 maqaa keetiifille \q2 haga bara baraa ulfinna hin keenna. \q1 \v 13 Jaalalli keeti ka bara baraa \q2 ka ati naaf qaddu gudda'a; \q2 ati lubbuu tiyya \q2 qilee addee worri du'e jiru irraa hamburteerta. \q1 \v 14 Ee Waaqa, \q2 worri bondhooru na irratti ka'eera; \q2 goliin worra gadhaa jabaatuu, \q2 lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaadan; \q2 isaan woyittuu si hin laakkowanu. \q1 \v 15 Ee Gootta'a, ati ammoo, \q2 Waaqa mararaa arja'a; \q2 aari'iif hin ariifattu; \q2 jaalalli keeti ka bara baraatii fi \q2 addatamummaan teetille baca'a. \q1 \v 16 Gara kiyya deebi'ii, na marari; \q2 hunna teeti ana tajaajilaa keetiif kenni; \q2 ana ilma garbittii teetii baasi. \q1 \v 17 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati waan na qarqaartee \q2 na jajjabeessiteef, \q2 diinoti kiyya dhagganee akka fokkifatanu, \q2 beessisa fudhatama keeti dhaggatiisaa \q2 na irratti mudhisi. \c 87 \s1 Leellisa Yerusaalemiif Dhikaate \s2 Faaruu ilmaan Qoraahii. \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa hundee qachaa ifii \q2 gaarota woyyoota irratti dhaabe; \q1 \v 2 Addee Yaaqoob le'u mara caalaa, \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 seensuma karra Xiyoonii jaalata; \q1 \v 3 Ee qachaa Waaqaa, \q2 wonni maade'ee marroo teetiif dubbatanti; \q1 \v 4 Waaqi, «Ani worra na beeku oddu'utti \q2 Gibxi'ii fi Baabilon hin galmeessa; \q2 worri Filisxeemotaa, worri Xiiroosiitii fi Itoophiya'aalle\f + \fr 87:4 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin \fqa*\ft Kuushi jedha. \ft*\f* \q2 worra achitti dhalate» jedha. \q1 \v 5 Marroo Xiyoonii, «Dhugumaan, Waaqi Ol Aanaan \q2 waan isii jabeessuuf, \q2 kolbaan tunii fi sunille, \q2 as isii keessatti dhalatte» hin jedhama. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa \q2 yennaa gosa biyya adda addaa galmeessu, \q2 «Worri kun achitti dhalatane» jedhee hin barreessa. \q1 \v 7 Worri faarsuu fi worri sirbu, \q2 «Maddi keenna martinuu \q2 Xiyoon keessa jira» hin jedhan. \c 88 \s1 Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu ilmaan Qoraahii, ta akka yoyyoma faaruu, «Mahalaat» jedhantuun faarfante; barsiisa Hemaanii Ezraahichaa. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa fayyinna kiyyaa, \q2 ani fuula keeti duratti \q2 halkanii fi guyyaa gara keeti iyya. \q1 \v 2 Daadimati kiyya si bira gewuu ti; \q2 gurra keeti gara iyya tiyya deebifadhu. \q1 \v 3 Lubbuun tiyya \q2 rakkinnaan waan guutanteef, \q2 jiruun tiyya \q2 gara addee worri du'e jiruu dhikaatteerti. \q1 \v 4 Ani worra gad gara boollaa dhaqu oddu'utti \q2 laakkowame; \q2 ani akka nama hunna hin qannee te'e. \q1 \v 5 Ani akka nama worra du'e keessatti gatamee, \q2 akka worra ijjeefamee awwaala keessa ciisuu, \q2 akka worra ati deebitee hin qaabannee, \q2 ka ati ijjumaa hin qarqaarree te'e. \q1 \v 6 Ati boolla qilee, \q2 qilee dukkanaa keessa na buutte. \q1 \v 7 Mufiin teeti ulfaattee na irra ciitteerti; \q2 ati danbalii mufii teetii mara \q2 na irra danbalaatteerta. \b \q1 \v 8 Firooti kiyya \q2 akka na irraa fagaatanu gooteerta; \q2 akka isaan na diqatanu gooteerta; \q2 akka ani miliquu hin dandeenne, \q2 balbalti natti cufanteerti. \q1 \v 9 Ilti tiyya gaddaan caararrootteerti; \q2 ee Mootii Waan Maraa, \q2 guyyuma guyya'aan ani si waammadha; \q2 harka kiyyalle gara keeti diriirsa. \b \q1 \v 10 Ati worra du'eeruuf \q2 waan maade'ee hin hujjaa ree? \q2 Ekeraan kaatee si leellifattii ree? \q1 \v 11 Jaalalli keeti ka bara baraa \q2 boolla awwaalaa keessatti, \q2 addatamummaan teeti \q2 addee badi'ii keessatti \q2 hin lallabantii ree? \q1 \v 12 Hujii teeti ta bilbaasaa dukkana keessatti, \q2 yookiin balchummaan teeti \q2 lafa dedhante keessatti hin beekkantii ree? \b \q1 \v 13 Ee Mootii Waan Maraa, ani ammoo, \q2 qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya; \q2 ganama ganamaan \q2 daadimati kiyya si dura dhikaata. \q2 \v 14 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati maaf ifi irraa na fageessita? \q2 Ati maaf fuula keeti na dhoffatta? \q1 \v 15 Ani dargaggummaa tiyya irraa jalqabee, \q2 farree du'a geyeera; \q2 bararassiisa keeti irraa ka ka'e \q2 waan godhu wollaaleera. \q1 \v 16 Mufiin teeti na irra buuteerti; \q2 bararassiisi keetille na balleesseera. \q1 \v 17 Mufiin teetii fi bararassiisi keeti \q2 guyyaa guutuu akka lola'aa na marsane; \q2 gara maraan karaa natti cufane. \q1 \v 18 Ati lansootaa fi jaalota kiyya na irraa fageessite; \q2 dukkanti callaan jaala kiyya naaf teete. \c 89 \s1 Addatamummaa Waaqaa \s2 Wolaloo Etaanii Ezraahichaa \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, ani marroo jaalala keeti ka bara baraa, \q2 yennaa mara hin faarfadha; \q2 addatamummaa teeti dhaloota maraaf, \q2 afaan kiyyaan hin lallaba. \q1 \v 2 Jaalalli keeti ka bara baraa \q2 jabaatee akka dhaabbate, \q2 addatamummaa teetille \q2 akka ol-gubba'aa akka ati dhaadde, \q2 ani hin lallaba. \q1 \v 3 Ati, «Ka filadhe woliin gondooroo godheera; \q2 tajaajilaa kiyya Daawitiif, \q1 \v 4 ‹Sanyii teeti haga bara baraa hin jabeessa; \q2 barcumaa mootummaa teetii \q2 dhalootaa haga dhalootaatitti hin dhaaba› \q2 jedhee kakadheera» jetteerta. \b \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ol-gubbaan bilbaasa keeti, \q2 yaa'iin woyyootaa \q2 addatamummaa teeti leellifatanuu ti. \q1 \v 6 Ol-gubbaa keessatti \q2 ka Mootii Waan Maraatiin wol qixxawu eennu? \q2 Ergantoota Waaqaa ta ol-gubba'aa keessaa \q2 ka akka Mootii Waan Maraa jiru eennu? \q1 \v 7 Yaa'ii woyyittii keessatti \q2 Mootiin Waan Maraa guddoo ka sodaatame; \q2 worra adaala isaa jiru mara caalaa sodaachisa'a. \b \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa Waan Mara Dande'u, \q2 ka akka keetii eennu? \q1 Ati jaba'a; \q2 Ati waan maraan addatama'a. \q1 \v 9 Ati bulpheessa abbaaya'aa irratti baallii qadda; \q2 danbaliin isi'ii yennaa kaatulle, hin sarmisiitta. \q1 \v 10 Bineensa akka jawwe'ee ka, «Rahaab» jedhamu, \q2 akka waan qalameetitti butuchite; \q2 irree teeti jaddu'uun diinota keeti bittinneessite. \q1 \v 11 Ol-gubbaan teeti; lattille teeti; \q2 biyya lafaatii fi waan isii keessaa mara ka dade si'i. \q1 \v 12 Kaabaa fi kibballe sittuu dade; \q2 gaarri Taaboriitii fi gaarri Hermoonii \q2 maqaa keetiif ilillisan. \q1 \v 13 Ati irree hunnaamettii qadda; \q2 harki keeti jaba'a; \q2 hunna teeti mudhisiisaaf \q2 harki keeti middichi ol ka'eera. \q1 \v 14 Barcumaan mootumma'aa keeti \q2 balchumma'aa fi haqa irra dhaabbateera; \q2 jaalalaa fi addatamummaan siin dura deeman. \b \q1 \v 15 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 Kolbaan ilillisaa si leellittu, \q2 ta ifa fuula keeti duraa keessa ideentu gammadduu ti. \q1 \v 16 Isaan guyyaa guutuu maqaa keetitti gammadan; \q2 balchummaa teetille'een si leellisan. \q1 \v 17 Ati ulfinnaa fi jabeenna isaanii waan teeteef, \q2 fudhatama si biraa dhagganneen injifanna. \q1 \v 18 Wonteen teenna ta Mootii Waan Maraa ti; \q2 mootiin keennalle ka Woyyicha Israa'elii ti. \s1 Addii Waaqi Daawitiif Kenne \q1 \v 19 Ati yennaa takka tajaajiltoota addatantoota teetitti, \q2 mudhi'iin dubbattee, \q1 «Janna tokkoof qarqaarsa kenneera; \q2 dargaggeessa tokko \q2 odduu kolba'aatii filee ol kaaseera. \q1 \v 20 Tajaajilaa kiyya Daawiti dhaggadheera; \q2 zayitii tiyya woyyitti'iin isa muudeera. \q1 \v 21 Harki kiyya isa woliin hin jiraata; \q2 irreen tiyyalle isa hin jabeessiti. \q1 \v 22 Diinni isa hin injifatu; \q2 nami hamaalle gad isa hin qabu. \q1 \v 23 Ani nyaaphota isaa \q2 fuula isaa duratti hin butucha; \q2 worra isa jibbulle gad dhowa. \q1 \v 24 Addatamummaan tiyyaa fi \q2 marartiin tiyya isa woliin hin jiraatan; \q2 maqaa kiyyaan hin injifata. \q1 \v 25 Ani harka isaa abbaayaa\f + \fr 89:25 \fr*\fqa Abbaayaa: \fqa*\fqa Abbaayaan tun abbaayaa Mediteraaniya'aa ti.\fqa*\f* irra, \q2 harka isaa middichalle \q2 lagoota\f + \fr 89:25 \fr*\fqa Lagoota: \fqa*\fqa Lagooti kun laga Xeegrosiitii fi Efraaxiisii ti.\fqa*\f* irra hin keya. \q1 \v 26 Inni, ‹Ati abbaa kiyya, Waaqa kiyya, \q2 rassaa fayyinna kiyyaa ti› naan hin jedha. \q1 \v 27 Anille ilma kiyya angafa, \q2 ka mootota biyya lafa mara caalu isa hin godha. \q1 \v 28 Ani haga bara baraa isa jaaladha; \q2 gondooroon ani isa woliin godhelle \q2 ijjumaa hin diigantu. \q1 \v 29 Sanyiin isaa haga bara baraa, \q2 barcumaan mootummaa isaalle \q2 akka ol-gubba'aa jabaatee akka dhaabbatu hin godha. \b \q1 \v 30 «Ijoolleen isaa ammoo \q2 seera kiyya yoo diidde, \q2 akka ajaja kiyyaatitti yoo deemuu dhadde, \q2 \v 31 seerata kiyya yoo diigane, \q2 ajaja kiyya yoo eegatuu dhabane, \q2 \v 32 ani cubbuu isaaniitiif ule'een isaan adaba; \q2 yakkaa isaaniitiif isaan hin dhaana. \q1 \v 33 Ammoo ani Daawiti jaalatiisa hin lakkisu, \q2 yookiin addatamummaan ani isaaf qabu \q2 soba hin teetu. \q1 \v 34 Ani gondooroo tiyya hin diigu, \q2 yookiin dubbii afaan kiyyaa baatelle hin jijjiiru. \b \q1 \v 35 «Ani takkaa woyyummaa tiyyaan kakadheera; \q2 ani Daawiti hin sobu. \q1 \v 36 Sanyiin isaa haga bara baraa, \q2 barcumaan mootummaa isaalle \q2 akka adu'uu fuula kiyya dura hin jiraata. \q1 \v 37 Mootummaan Daawitii, \q2 akka ji'a dhugaa bayaa addatamaa gubba'aa, \q2 haga bara baraa jabaattee hin dhaabbatti» jette. \q1 \v 38 Amma ammoo \q2 ati ka muuddee mootii gooteetitti mufattee, \q2 isa tuffattee gatteerta. \q1 \v 39 Ati gondooroo tajaajilaa keeti woliin goote diiddee, \q2 kallacha isaa bukuu keessatti gattee batteessite. \q1 \v 40 Ati dalleya isaa mara jissitee, \q2 kushee isaalle diidde. \q1 \v 41 Worri achiin dabaru marti isa saamane; \q2 inni murgoo olloota ifii te'e. \q1 \v 42 Nyaaphota isaatiif jabeenna kennitee, \q2 diinota isaa mara gammachiitte. \q1 \v 43 Qara shallaagaa isaa \q2 gara duubaa garagalchite; \q2 lola keessalle'etti isa hin qarqaarre. \q1 \v 44 Ulee bokku'uu ta isaa harkaa fuutee, \q2 barcumaa mootummaa isaalle lafatti jissite. \q1 \v 45 Bara dargaggummaa isaa itti gabaassitee, \q2 qaanii itti uffitte. \b \q1 \v 46 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 tun haga yoomii teeti? \q2 Ati haga bara baraa \q2 ifi dhoffattaa ree? \q2 Haga yoomii mufiin teeti \q2 akka ibiddaa bobeetti ree? \q1 \v 47 Barri jiruu tiyyaa \q2 attam attam gabaabaa akka te'e yaadadhu; \q2 ati ilmaan namaa waan bu'aa hin qanneef daddee ree? \q1 \v 48 Nami ijjumaa hin du'in le'uu dande'u eennu? \q2 Awwaala jalaa ka miliquu dande'u eennu? \b \q1 \v 49 Ee Gootta'a, \q2 jaalalli keeti ka bara baraa guddaan durii, \q2 ka ati addatamummaa teetiin \q2 Daawitiif kakatte meet ree? \q1 \v 50 Ee Gootta'a, \q2 ana tajaajilaa keetitti attam attam \q2 akka isaan murgane, \q2 ani arraba gosa biyya adda addaa mara \q2 attam attam akka ossadhe qaabadhu. \q1 \v 51 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 diinoti keeti ka ati muuddee mootii goote salphisan; \q2 lafa inni dhaqu maratti itti murgan. \b \q1 \v 52 Mootiin Waan Maraa haga bara baraa leellifamu! \q2 Ameen! Ameen! \c 90 \ms Kitaaba Arfeesso'oo \mr (Far. 90—106) \s1 Waaqi Dande'aa Bara Baraa Akka Te'e \s2 Daadimata Muusee Nama Waaqaa \q1 \v 1 Ee Gootta'a, ati dhalootaa haga dhalootaatitti, \q2 addee itti baqannu nuuf teeteerta. \q1 \v 2 Gaarri adoo hin dadamin dura, \q2 yookiin ati lafaa fi biyya lafaa adoo hin dadin dura, \q2 baraa haga bara baraatitti ati Waaqa. \q1 \v 3 Ilmaan namaa gara biyye'ee deebitta; \q2 ati, «Ee ilmaan namaa, \q2 gara biyye'ee deebi'a'a» jetta. \q1 \v 4 Woggaan kum tokko, \q2 si'iif akkuma guyyaa kalee dabaree ti; \q2 yookiin akkuma yennaa diqqoo halkan keessaa ti. \q1 \v 5 Ati namoota haxoottee dabarsita; \q2 isaan akka oojju'uu ti; \q2 isaan akka marra ganama quunxuu ti. \q1 \v 6 Marri ganama quunxee bisila; \q2 galgala qooree goga. \b \q1 \v 7 Nuuti aarii teetiin banneerra; \q2 mufii teetiin bararandheerra. \q1 \v 8 Ati yakkaa teenna ifi dura, \q2 cubbuu teenna ta dhossa'aa \q2 ifa fuula keetii dura keetteerta. \b \q1 \v 9 Barri keenna marti \q2 adoo nuuti mufii teeti jala jirruu dabaran; \q2 bara jiruu teennaa aadaatuma fixanna. \q1 \v 10 Barri jiruu teennaa woggaa torbaatama, \q2 yoo bacatelle woggaa saddeettama; \q2 woggooti sunuu \q2 dadhabbi'ii fi rakkinna nutti fidan; \q1 Isaan dafanee waan dabaranuuf, \q2 nuuti koolaan kaanee dabarra. \b \q1 \v 11 Hunna aarii teetii eentu beeka? \q2 Mufii teeti guddoo san eentu hubatuu dande'a? \q1 \v 12 Qaroolee akka teenu, \q2 barri jiruu teennaa \q2 gabaabaa akka te'e akka beennu nu barsiisi. \b \q1 \v 13 Ee Mootii Waan Maraa, deebi'i! \q2 Haga yoomii mufatta? \q2 Tajaajiltoota teetiif gadhaa laafi. \q1 \v 14 Bara jiruu teennaa mara \q2 akka gammannee ilillinnu, \q2 ganama ganama jaalala keeti \q2 ka bara baraatiin nu quussi. \q1 \v 15 Akkuma bara bacaa nu rakkitte, \q2 akkuma woggaa bacaa waan hantuu dhaggine, \q2 amma nu gammachiisi! \q1 \v 16 Hujii teeti tajaajiltoota teetitti, \q2 ulfinna keeti ijoollee isaaniititti mudhisi. \q1 \v 17 Goottaa Waaqa keenna, \q2 ila dansa'aan nu ilaali; \q2 hujii harka keennaalle nuu milkeessi; \q2 ee, nuu milkeessi. \c 91 \s1 Eegunsa Waaqaa Jala Jiraachuu \q1 \v 1 Nami gollaa Waaqa Ol Aana'aa jala le'u, \q2 ka gaaddisa Waaqa Waan Mara Dande'uu jalatti foorfatu, \q1 \v 2 Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya, \q2 Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha. \q1 \v 3 Waaqi tiyyoo nami si'iif afee fi \q2 dhukkuba hamaa jalaa si hin baasa. \q1 \v 4 Inni koola ifiitiin si golla; \q2 baala isaa jalatti baqatta; \q2 addatamummaan isaa wonte'ee fi \q2 kushee si'iif hin te'a. \q1 \v 5 Ati waan halkan nama sodaachisu, \q2 daaya guyya'aan namatti darbatamu \q2 \v 6 yookiin dhukkuba hamaa halkaniin deemu, \q2 yookiin balaa guyyaa wodhakkaa \q2 nama balleessu hin sodaattu. \b \q1 \v 7 Kum tokko cinaa teetitti, \q2 kum kudhan midda keetitti hin jigan; \q2 ammoo si hin tuqanu. \q1 \v 8 Ati ammoo ila teeti qofaan ilaaltee, \q2 adabamiisa worra hama'aa dhaggita. \b \q1 \v 9 Ati Mootii Waan Maraa addee itti baqattu, \q2 Waaqa Ol Aanaa mana keeti waan godhatteef, \q2 \v 10 wonni hantuun sitti hin dhuttu; \q2 balaan qe'ee teetitti hin dhikaatu. \q1 \v 11 Sababille karaa ati ideentu maratti, \q2 akka si eeganuuf, \q2 inni ergantoota ifii si'iif hin ajaja. \q1 \v 12 Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne, \q2 isaan harka ifiitiin ol si hin kiphan. \q1 \v 13 Ati neenqaa fi dhudhuufaa irra hin ejjatta; \q2 neenqa dardaraa fi buutii irra hin sirbita. \b \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa, «Inni waan na jaalatuuf, \q2 ani diinota isaa jalaa isa hin baasa; \q2 inni maqaa kiyya waan beekuuf, \q2 ani isa hin eega. \q1 \v 15 Inni na hin waammata; \q2 anille deebii isaaf hin kenna; \q2 yennaa inni rakkatu isa woliin hin jiraadha; \q2 ani isa hin baasa; ulfinnalle isaaf hin kenna. \q1 \v 16 Jiruu bara dheera'aatiin isa hin quussa; \q2 ani fayyisaa isaa akka te'e \q2 akka inni dhaggu hin godha» jedha. \c 92 \s1 Hujii Isaatiif Mootii Waan Maraa Leellisuu \s2 Faaruu Guyyaa Sanbataa \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuun \q2 Ee Waaqa Ol Aana'a, \q2 maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa'a. \q1 \v 2 Jaalala keeti ka bara baraa ganamaan, \q2 addatamummaa teeti halkaniin lallabuun, \q2 \v 3 meya faaru'uu ka ribuu kudhan qabuu fi \q2 yoyyoma kiraara guddichaatiin \q2 si leellisuun dansa'a. \q1 \v 4 Ee Mootii Waan Maraa, hujii teetiin na gammachiitta; \q2 ani hujii harka keetiititti gammadee faarfadha. \b \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa, hujiin teeti attam attam guddo'o; \q2 yaadi keeti attam attam gad fagaata! \q1 \v 6 Nami daalleen tana hin beeku; \q2 gowwaalle tana hin hubatu. \q1 \v 7 Worri hamaan akka marraa latanulle, \q2 worri waan hantuu huju marti daraaranulle, \q2 isaan ijjumaayyuu hin badan. \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, ati ammoo \q2 haga bara baraa ol aana'a. \b \q1 \v 9 Ee Mootii Waan Maraa, diinoti keeti, \q2 dhugumaan diinoti keeti hin badan; \q2 worri waan hantuu huju marti hin bittinnowan. \q1 \v 10 Ati akka gafarsaa na jabeessitee\f + \fr 92:10 \fr*\fqa Akka gafarsaa na jabeessitee: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa akka gaafa gafarsaa gaafa kiyya ol kaache \fqa*\ft jedha. Gaafi ammoo jabeenna isaa ilaala.\ft*\f*, \q2 zayiti'iin na muudde. \q1 \v 11 Ilti tiyya injifatama diinota kiyyaa dhaggite; \q2 gurri kiyyalle iyya nyaaphota kiyya hamoole'ee dhage'e. \b \q1 \v 12 Nami balchaan akka muka meexxi'ii hin oshoba; \q2 akka hindheensa Libaanonii hin banqaaqa. \q1 \v 13 Isaan akka muka mana Mootii Waan Maraa keessatti dhaabamanee, \q2 badhinna mana Waaqa keennaatiin duraa keessatti \q2 hin oshoban. \q1 \v 14 Isaan akka muka dullummaa keessa midhaan buusuu, \q2 ka yennaa mara bisille'ee \q2 hin te'an. \q1 \v 15 Isaan, «Mootiin Waan Maraa sirri'i; \q2 inni rassaa ani itti baqadhu; \q2 isa keessa hammeenni hin jiru» jedhan. \c 93 \s1 Arnya Mootii Waan Maraa \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa mooti'i; inni arnya uffate; \q2 arnya uffatee jabeennaan hidhate. \q1 Biyyi lafaa jabaattee dhaabbatte; \q2 isiin ijjumaa hin tachootu. \q1 \v 2 Barcumaan mootumma'aa keeti \q2 durii duriitii jalqabee dhaabbate; \q2 ati bara durii duriitii jalqaddee jirta. \b \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa, lagi hedduun ol kakka'e; \q2 shookkisiisa ifii ol qabate; \q2 danbalii shookkisiisa ifiille ol kaafate. \q1 \v 4 Shookkisiisa bisaan jabaa heddu'uu caalaa, \q2 danbalii abbaaya'aa hunnaamettii caalaa, \q2 Mootiin Waan Maraa ka ol-gubbaa jiru hunnaamessa. \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa, seerri keeti ka addatame; \q2 manni keetille haga bara baraa woyyumma'aan ka miidhage. \c 94 \s1 Waaqa Balchootaaf Haluu Bayu \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa haluu bayu; \q2 ee Waaqa haluu bayu, \q2 ulfinna keeti mudhisi! \q1 \v 2 Ee abbaa mura'aa ka lafa tanaa, ka'i! \q2 Worra koorameeyyi'iif waan isaaniif male kenni. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 worri hamaan haga yoomii firinxiixan? \q2 Isaan haga yoomii firinxiixan? \q1 \v 4 Isaan jechoota koora ifii gad naqan; \q2 worri hantuu huju marti ifi jajiisaan guutamaneeran. \b \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa, isaan kolbaa teeti butuchan; \q2 kolbaa teeti cunqursan. \q1 \v 6 Isaan haadhotii hiyyeessaatii fi \q2 alagaa worra lafa teenna keessa le'u ijjeesan; \q2 ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne qalan. \q1 \v 7 Isaan, «Mootiin Waan Maraa hin dhaggu; \q2 Waaqi Yaaqoobii tana hin hubatu» jedhan. \b \q1 \v 8 Kolbaa keessaa worri daalleen hubadha'a; \q2 isin worri gowwaan yoom qaroolee teetan? \q1 \v 9 Ka gurra dade ifii hin dhage'uu? \q2 Ka ila dade ifii hin dhagguu? \q1 \v 10 Ka gosa biyya adda addaa gorsu hin adabuu? \q2 Ka ilmaan namaa barsiisu, \q2 inni beekkumsa dhabee ree? \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa yaada namaa hin beeka; \q2 yaadi namaa akka hafuura baafata tokkochaa \q2 akka te'e inni hin beeka. \b \q1 \v 12 Ee Mootii Waan Maraa, nami ati gorsitu, \q2 ka ati seera keeti barsiittu, \q2 attam attam ka gammade. \q1 \v 13 Worra hama'aaf boolli haga qotantutti, \q2 ati guyyaa rakkinnaa irraa isa foorfachiitta. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii hin gatu; \q2 ijoollee ifii hin lakkisu. \q1 \v 15 Muraan deebitee haqa irratti hin hundootti; \q2 worri qajeelaan marti haqa gula deeman. \b \q1 \v 16 Eentu ka'ee worra hamaa naaf ka'ee morma? \q2 Eentu worra waan hantuu huju mormiisaaf, \q2 golii tiyya dhaabbata? \q1 \v 17 Mootiin Waan Maraa adoo na hin qarqaarre teetee, \q2 silaa ani ariiti'iin du'eera. \q1 \v 18 Yennaa ani, «Miilli kiyya mucucaate» jedhu, \q2 ee Mootii Waan Maraa, \q2 jaalalli keeti ka bara baraa na utuba\f + \fr 94:18 \fr*\fqa Utuba: \fqa*\fqa Yookiin kipha \fqa*\f*. \q1 \v 19 Yennaa yaaddoon gadhaa kiyyatti bacattu, \q2 ati na jajjabeessitee lubbuu tiyya gammachiitta. \b \q1 \v 20 Worri seera sababeeffatee maltummaa huju, \q2 sooreyyiin hamooleen \q2 si woliin jaalota te'uu dande'anii ree? \q2 \v 21 Isaan jiruu worra balchoole'ee \q2 irratti ka'iisaaf wol qabatan; \q2 worra yakkaa hin qannetti du'a muran. \q1 \v 22 Mootiin Waan Maraa kiyya ammoo \q2 kushee naaf te'eera; \q2 Waaqi kiyya rassaa ani itti baqadhu. \q1 \v 23 Waaqi yakkaa isaaniitiif isaan hin adaba; \q2 hammeenna isaaniitiifille isaan hin balleessa; \q2 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna isaan hin balleessa. \c 95 \s1 Faaruu Leellisaa \q1 \v 1 Kowa'a, Mootii Waan Maraatiif, \q2 ilillisaa faarfannaa! \q2 Rassaa nu baasu iyyinee leellifannaa! \q1 \v 2 Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti; \q2 faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti. \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa Waaqa gudda'a; \q2 waaqota mara irratti mooti'i. \q1 \v 4 Qileen lafa jalaa harka isaa keessa jirti; \q2 qacceen gaaraalle tama isaa ti. \q1 \v 5 Inni waan isii dadeef, \q2 abbaayaan ta isaa ti; \q2 lafa godduulle harkuma isaatitti dade. \b \q1 \v 6 Kowa'a, gad jennee isa waaqonfannaa! \q2 Mootii Waan Maraa \q2 ka nu dade duratti jilbiiffannaa! \q1 \v 7 Inni Waaqa keenna waan te'eef, \q2 nuuti kolbaa inni bobbaasu, \q2 hoolota inni tissu. \b \q1 Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane, \q2 \v 8 «Akkuma abbootiin teessan ta durii goomolee \q2 Mariiba'aatii fi Maasa'aa keessatti goote, \q2 isin mataa jabeeyyii hin te'ina'a. \q1 \v 9 Abbootiin teessan ta durii achitti, \q2 waan ani isaanii godhe adoo dhagganeeranu \q2 haga na ilaalanee, na aarsane. \q1 \v 10 Ani dhaloota san woggaa afurtama diqadhee, \q2 ‹Isaan worra karaa irraa goreeru; \q2 karaa kiyyalle hin beenne› jedhe. \q1 \v 11 Ani tanaaf aaree, \q2 ‹Isaan ijjumaa biyya fooraa tiyyatti hin galanu› jedhee kakadhe» jedhe. \c 96 \s1 Waaqa Mooticha Ol Aanaa \r (1 Dab. 16:23-33) \q1 \v 1 Faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; \q2 Kolbaan lafa irraa marti \q2 Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa'a. \q1 \v 2 Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa'a; \q2 maqaa isaa leellisa'a. \q2 Guyyuma guyya'aan fayyisiisa isaa lassa'a. \q1 \v 3 Gosa biyya adda addaatiif ulfinna isaa, \q2 kolbaa maratti hujii isaa ta maade'ee lassa'a. \b \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa guddaa waan te'eef, \q2 guddifamee leellifamuu male; \q2 waaqota mara caalaa sodaatamuu male; \q2 \v 5 waaqoti gosa biyya adda addaa marti \q2 waaqota dharaa ti; \q2 Mootiin Waan Maraa ammoo ka ol-gubbaa dade. \q1 \v 6 Ulfinnii fi arnyi fuula isaa dura, \q2 jabeennii fi dansummaan \q2 addee woyyittii isaa keessa jiran. \b \q1 \v 7 Maatiin gosa biyya adda addaa \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a; \q2 ulfinnaa fi jabeenna Mootii Waan Maraa leellisa'a. \q1 \v 8 Ulfinna maqaa isaatiif te'u \q2 Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a; \q2 kennansa fida'aatii gara badhinna mana isaa kowa'a. \q1 \v 9 Dansummaa woyyummaa isaatiif \q2 Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a; \q2 nami lafa irraa marti fuula isaa duratti holladha'a. \b \q1 \v 10 Gosa biyya adda addaa maraan, \q2 «Mootiin Waan Maraa mooti'i! \q2 Biyyi lafaa jabaattee dhaabanteerti; \q2 isiin ijjumaa hin tachootu; \q2 inni kolbaa maraaf wol qixxee mura» jedha'a. \q1 \v 11 Ol-gubbaan gammadduu ti; \q2 lattille firinxiixxuu ti; \q2 abbaaya'aa fi wonni isii keessalle shookkittuu ti. \q1 \v 12 Ficha'aa fi wonni isa keessaa marti gammadduu ti; \q2 achiin duuba muki badda'aa marti ilillisaa hin faarsan. \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa waan dhufuuf, \q2 fuula isaa duratti ilillisaa faarsan; \q2 inni lafatti muriisaaf hin dhufa. \q1 Biyya lafaatitti balchumma'aan, \q2 kolbaa maratti dhuga'aan hin mura. \c 97 \s1 Waaqa Bulchaa Ol Aanaa \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa mooti'i! \q2 Latti gammadduu ti; \q2 isin worri oddoola abbaaya'aa \q2 keessa jirtanulle gammada'a. \q1 \v 2 Duumensii fi dukkanti dimmi \q2 isa marsaneeran; \q2 balchumma'aa fi haqi \q2 hundee mootummaa isaa ti. \q1 \v 3 Ibiddi dura isaa ideemaa, \q2 diinota isa marsaneeranu mara guba. \q1 \v 4 Balaqqeettiin isaa biyya lafaa issiti; \q2 lattille dhaggitee rommiti. \q1 \v 5 Mootii Waan Maraa ka lafa duudi'ii duratti, \q2 gaarri akka gaga'aa hin baqa. \q1 \v 6 Ol-gubbaan balchummaa isaa lassiti; \q2 kolbaan martille ulfinna isaa dhaggiti. \b \q1 \v 7 Worri fakkii waaqonfatu, \q2 ka waaqota dharaa gatii hin qanneen kooru marti \q2 hin fokkifatan; \q2 waaqoti marti isaaf jilbiiffatan. \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, marroo muraa teetii \q2 worri Xiyoonii dhage'anee hin gammadan; \q2 kolbaan Yihuda'aalle hin ilillitti. \q1 \v 9 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati lafa mara irratti Ol Aana'a; \q2 ati waaqota mara caalta. \b \q1 \v 10 Worri Mootii Waan Maraa jaalatu, \q2 waan hantuu jibbuu ti; \q2 inni lubbuu worra addatama'aa waan eeguuf, \q2 harka worra hamaaleyyi'ii jalaa isaan hin baasa. \q1 \v 11 Ifi worra balcha'aaf, \q2 gammaddi worra qajeela'aaf baya. \q1 \v 12 Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a; \q2 maqaa isaa woyyicha leellisa'a. \c 98 \s1 Abbaa Mura'aa Ka Biyya Lafaa Leellisa'a \s2 Faaruu \q1 \v 1 Inni hujii maade'ee waan hujeef, \q2 faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; \q2 inni harka ifii middichaa fi \q2 irree ifii woyyitti'iin injifateera. \q1 \v 2 Mootiin Waan Maraa \q2 fayyisiisa ifii akka beekkamu godheera; \q2 balchummaa ifiille \q2 gosa biyya adda addaatitti mudhiseera. \q1 \v 3 Inni jaalala ifii ka bara baraatii fi \q2 addatamummaa ifii \q2 mana Israa'eliitiif yaadateera; \q2 worri qaccee lafaa jiru marti \q2 fayyisiisa Waaqa keennaa dhagganeeran. \b \q1 \v 4 Kolbaan lafa irraa marti \q2 Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a; \q2 gammadaa fi faaru'uun isa leellisa'a. \q1 \v 5 Qoonqoo kiraara guddichaatiin \q2 kiraaraa guddichaa fi faaru'uun \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \q1 \v 6 Tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufaa, \q2 Mootii Waan Maraa mooticha duratti ilillisa'a. \b \q1 \v 7 Abbaaya'aa fi wonni isii keessaa marti, \q2 biyyi lafaatii fi wonni isii keessa le'u marti \q2 shookkisanuu ti. \q1 \v 8 Lagooti harka dhowanuu ti; \q2 gaaroti adduma tokko ilillisanuu ti. \q1 \v 9 Mootiin Waan Maraa \q2 kolbaa lafaatitti muriisaaf waan dhufuuf, \q2 isa duratti faarfatanuu ti. \q1 Inni biyya lafaatitti balchumma'aan, \q2 kolbaa maratti haqaan hin mura. \c 99 \s1 Waaqi Mootii Ol Aana'a \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa mooti'i; \q2 gosi biyya adda addaa hollattuu ti! \q1 Inni barcumaa mootumma'aa irra \q2 odduu dada ol-gubba'aa ta koola qaddu te'eera; \q2 lattille tachootuu ti. \q1 \v 2 Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessatti gudda'a; \q2 inni gosa biyya adda addaa irratti ol aana'a. \q1 \v 3 Maqaa keeti gudda'aa fi sodaatamaa leellisanuu ti. \q2 Inni woyyu'u! \q1 \v 4 Ati mootichi hunnaamessa; \q2 ati haqa jaalata; \q2 waan sirrii te'e hundeessiteerta; \q2 Israa'el keessatti haqaa fi balchummaa hujjeerta. \q1 \v 5 Mootii Waan Maraa Waaqa keenna saada'a; \q2 miila isaa jalatti sagada'a! \q2 Inni woyyu'u! \b \q1 \v 6 Hayyoota isaa keessaa gariin Muuse'ee fi Aaron; \q2 worra maqaa isaa waame keessaa tokkochi Saamu'el; \q2 isaan maqaa Mootii Waan Maraa waammatane; \q2 innille isaaniif deebii kenne. \q1 \v 7 Inni utubaa duumensaa keessaa isaanitti dubbate; \q2 isaanille qajeelfamaa fi \q2 seerata inni isaaniif kenne eegatane. \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, \q2 ati deebii isaaniif kennite; \q2 cubbuu isaaniitiif haluu isaan baatulle, \q2 ati Waaqa araaraa isaaniif teeteerta. \q1 \v 9 Mootiin Waan Maraa \q2 Waaqi keenna woyyuu waan te'eef, \q2 isa saada'a; \q2 gaara isaa woyyicha irratti isa waaqonfadha'a. \c 100 \s1 Leellisiisaaf Mootii Waan Maraa Waamuu \s2 Faaruu Galataa \q1 \v 1 Kolbaan lafa irraa marti, \q2 Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a. \q1 \v 2 Mootii Waan Maraa gammadaan tajaajila'a; \q2 gammadaan faarfataa fuula isaa dura dhikaadha'a. \b \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa akka Waaqa te'e beeka'a; \q2 ka nu dade isa; nuutille ka isaa ti; \q2 nuuti kolbaa isaa ti; hoolota inni tiffatu. \b \q1 \v 4 Galateeffataa gara karra isaa, \q2 leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena'a; \q2 isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa'a. \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa haga bara baraa, \q2 addatamummaan isaalle dhalootaa haga dhalootaa ti. \c 101 \s1 Waadaa Mootichaa \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Ani marroo jaalala keeti ka bara baraatii fi \q2 marroo muraa haqaa teetii hin faarfadha; \q2 ee Mootii Waan Maraa \q2 faaruu leellisaa sii hin faarsa. \q1 \v 2 Ani jiruu komii hin qanne le'a. \q2 Ati yoom gara kiyya dhutta? \b \q1 Ani mana kiyya keessa \q2 komii malee ideema. \q1 \v 3 Ani waan hantuu ila tiyya dura hin keyadhu; \q2 ani hujii worra Waaqa irraa goree hin jibba; \q2 isiin natti hin maxxantu. \q1 \v 4 Namooti yaada micciiramaa qabanu \q2 na irraa fagaatanuu ti; \q2 ani waan hantuu woliin tokkummaa hin qabu. \q1 \v 5 Nama ollaa ifii dhossa'aan hamatu, \q2 hin balleessa; \q2 nama nama tuffatuu fi \q2 nama kooruuf ani hin ossadhu. \b \q1 \v 6 Akka isaan na woliin le'anuuf, \q2 ilti tiyya gara worra addatamaa \q2 lafa tana keessa jiranuu hin ilaalti. \q1 Nami karaa komii hin qanne ideemu \q2 inni na hin tajaajila. \b \q1 \v 7 Nami nama sobu mana kiyya keessa hin le'u; \q2 nami dhara dubbatu na dura hin dhaabbatu. \q1 \v 8 Ani guyyuma guyya'aan \q2 worra hamaa lafa tana keessa jiranu hin balleessa; \q2 worra hantuu huju mara \q2 qachaa Mootii Waan Maraa keessaa hin balleessa. \c 102 \s1 Daadimata Nama Rakkoo Irra Jiruu \s2 Daadimata nama rakkate tokkoo, ka yennaa inni gaggabee iyyata ifii Mootii Waan Maraa dura Dhikeeffatu. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 daadimata kiyya naaf dhage'i; \q2 iyyi tiyyalle gara keeti dhuttuu ti. \q1 \v 2 Guyyaa rakkinna kiyyaa, \q2 fuula keeti na hin dhoffatin; \q2 gurra keeti gara kiyya deebifadhu; \q2 yennaa ani si waamu, \q2 ariifadhuu deebii naaf kenni. \b \q1 \v 3 Barri jiruu tiyyaa akka aaraa dabariisatti jira; \q2 lafeen tiyya akka barbada ibiddaa gubatiisatti jirti. \q1 \v 4 Gadhaan kiyya madowee akka marraa waan qooreef, \q2 sagalee nyaatiisa dadhabe. \q1 \v 5 Qoonqoo ol qabadhee waan aaduuf, \q2 lafeen tiyya gogaa kiyyatti maxxante. \q1 \v 6 Ani akka huummoo goomolee keessaa, \q2 akka urunguu waan diigame oddu'uu te'e. \q1 \v 7 Hirriiba malee irkadhee bula; \q2 ani akka sinbirree qofi-galeettii \q2 guutuu manaa irra jirtuu ti. \q1 \v 8 Guyyaa mara diinoti kiyya natti murgan; \q2 worri natti cooru \q2 maqaa kiyya maqaa abaarsaa godhatan. \b \q1 \v 9 Ani daadhaa akka sagale'ee nyaadhe; \q2 imimmaan waan unu woliin wolitti makadhe. \q1 \v 10 Mufii teeti guddoo irraa ta kaate, \q2 ati ol na fuutee gad na gatte. \q1 \v 11 Barri jiruu tiyyaa akka gaaddisa galgalaa dabara; \q2 ani akka marraa qoora. \b \q1 \v 12 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati haga bara baraa \q2 barcumaa mootumma'aa keeti irra teetta; \q2 maqaan keeti dhalootaa haga dhalootaatitti hin jiraata. \q1 \v 13 Yennaan ati isi'iif gadhaa laattu amma waan dhutteef, \q2 ati hin kaata; \q2 Xiyoon hin mararta; \q2 yennaan murtootte dhutteerti. \q1 \v 14 Tajaajiltooti teeti dhakoota isi'iituu hin jaalatan; \q2 bututaa isi'ii ka diigameefuu gadhaa laafan. \b \q1 \v 15 Gosi biyya adda addaa maqaa Mootii Waan Maraa, \q2 moototi lafaa marti ulfinna isaa hin sodaatan. \q1 \v 16 Mootiin Waan Maraa Xiyoon deebisee hin ijaara; \q2 inni ulfinna ifiitiin hin mudhata. \q1 \v 17 Inni daadimata worra deegaa hin dhage'a; \q2 gaaffii isaaniille hin tuffatu. \b \q1 \v 18 Kolbaan amma hin dhalatin \q2 akka Mootii Waan Maraa leellittu, \q2 wonni kun dhaloota dhufuuf barreeffantuu ti. \q1 \v 19 Mootiin Waan Maraa \q2 addee woyyittii gubba'aa irraa gad ilaale; \q2 ol-gubbaa tee'ee lafa ilaale. \q1 \v 20 Inni aadiisa worra hidhameeruu dhage'e; \q2 worra duuti itti murante bilisa baase. \q1 \v 21 Tanaaf maqaan Mootii Waan Maraa Xiyoon keessatti, \q2 leellifamiisi isaa Yerusaalem keessatti laffama. \q1 \v 22 Tunille yennaa gosi biyya adda addaatii fi \q2 mootummooti \q2 Mootii Waan Maraa waaqonfatiisaaf wolitti qabamanu teeti. \q1 \v 23 Adoo ani dargaggeessaatuu \q2 inni jabeenna kiyya casseera; \q2 bara jiruu tiyyalle gabaasseera. \q1 \v 24 Maarre ani, «Ee Waaqa, \q2 ka barri keeti dhalootaa gara dhalootaatitti dabaru, \q2 wodhakkaa bara jiruu tiyyaatitti \q2 na hin fudhatin» jedhe. \b \q1 \v 25 Dur ati lafa dadde; \q2 ol-gubbaalle hujii harka keetii ti. \q1 \v 26 Isaan hin badan; ati ammoo hin leeta; \q2 isaan akka woya'aa hin dullooman; \q2 ati akka uffanaa isaan hin jijjiirta; \q2 isaanille hin gataman. \q1 \v 27 Ati ammoo yennaa mara sanuma; \q2 barri keetiille dhuma hin qabu. \q1 \v 28 Ijoolleen tajaajiltoota teetii nageyaan hin le'an; \q2 sanyiin isaaniille fuula keeti dura jabaatanee hin le'an. \c 103 \s1 Jaalala Waaqaa \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi; \q2 keessi kiyya duudiin maqaa isaa woyyicha leellisi. \q1 \v 2 Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi; \q2 waan dansaa inni godhe mara hin dedhin. \q1 \v 3 Ka cubbuu teeti mara si'iif araaramu, \q2 ka dhukkuba keeti mara fayyisu, \q2 \v 4 ka jiruu teeti awwaalamuu irraa wodu, \q2 ka jaalala bara baraatii fi marartii sii kennu, \q2 \v 5 dargaggummaan teeti \q2 akka risa'aa akka haareffantu, \q2 ka jiruu teeti waan dansa'aan quussu isa. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa worra cunqurfame maraaf, \q2 balchumma'aa fi haqaan huja. \q1 \v 7 Inni karaa ifii Muuse'etti, \q2 hujii ifii kolbaa Israa'eliititti beessise. \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa \q2 mararti'ii fi araaraan ka guutame, \q2 ka aari'iif hin ariifannee fi ka jaalala guddaa qabu. \q1 \v 9 Inni yennaa mara yakkaa teenna hin laakkowu; \q2 haga bara baraa aari'iin hin turu. \q1 \v 10 Inni akka cubbuu teennaatitti nu irratti hin huju; \q2 akka yakkaa teennaatitti gatii nu'uuf hin kaffalle. \q1 \v 11 Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu, \q2 worra isa sodaatuuf jaalalli isaa ka bara baraa \q2 akka malee gudda'a. \q1 \v 12 Akkuma garri aduun baatu \q2 gara aduun seentu irraa fagaatu, \q2 inni cubbuu teenna nu irraa fageessa. \q1 \v 13 Akkuma abbaan ijoollee ifiitiif gadhaa laafu, \q2 maarre Mootiin Waan Maraalle \q2 worra isa sodaatuuf gadhaa laafa. \q1 \v 14 Inni attam akka nuuti dadanne waan beekuuf, \q2 biyyee akka teene hin qaabata. \b \q1 \v 15 Barri jiruu namaa akkuma marraa ti; \q2 akkuma daraaraa badda'aa hin daraara. \q1 \v 16 Yennaa qilleensi dhowu daraaraan hin bada; \q2 addeen isaalle deebi'ee hin beekkamu. \q1 \v 17 Jaalalli bara baraa \q2 ka Mootii Waan Maraa ammoo \q2 bara baraa haga bara baraatitti, \q2 worra isa sodaatu woliin hin jiraata; \q2 balchummaan isaalle \q2 ijoollee ijoollee isaa woliin hin jiraatti. \q1 \v 18 Kunille worra gondooroo isaa eegatanuu fi \q2 worra ajaja isaa muummessiisaaf qaabatanuuf te'a. \b \q1 \v 19 Mootiin Waan Maraa \q2 barcumaa mootummaa ifii \q2 ol-gubbaa keessatti jabeessee dhaabbateera; \q2 mootummaan isaa waan mara bulchiti. \q1 \v 20 Isin ergantooti Waaqaa, \q2 worri jajannooti jajjabooti \q2 ka jecha isaatiif ajajantanee \q2 waan inni jedhu gootanu \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \q1 \v 21 Isin loltooti ol-gubba'aa marti, \q2 tajaajiltooti isaa \q2 worri fedhii isaa muummessitanu \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \q1 \v 22 Wonni inni dade marti, \q2 mootummaa isaa keessa \q2 addee jirtanu maratti \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \q2 Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi. \c 104 \s1 Leellisa Abbaa Dadaatiif Dhikaate \q1 \v 1 Ee lubbuu tiyya, Mootii Waan Maraa leellisi. \q2 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, \q2 ati attam attam gudda'a! \q2 Ulfinnaa fi arnya uffatteerta. \q1 \v 2 Ati ifa akka woya'aa ifitti maratte; \q2 ol-gubbaa akka dunkaani'ii diriirsite. \q1 \v 3 Ati utubaa mana keetii \q2 bisaan ol-gubba'aa irra dhaabbachiitte; \q2 duumensa garreettaa fardaan harkifamu godhatte; \q2 koola qilleensaa irra teettee gulutte. \q1 \v 4 Ati qilleensa ergamaa keeti, \q2 bobe'a ibiddaa tajaajilaa keeti godhatte. \b \q1 \v 5 Akka isiin ijjumaa hin raafanne, \q2 ati lafa hundee isi'ii irratti dhaabbachiitte. \q1 \v 6 Abbaayaa akka woya'aa lafatti uffitte; \q2 bisaan gaarota golle. \q1 \v 7 Yennaa ati xixxe, bisaan baqate; \q2 qoonqoo mandiisu'uu teeti yennaa dhage'e dheete. \q1 \v 8 Gaarota gubbaa dhangala'ee, \q2 gad dhooqa keessa, \q2 gara addee ati isaaf qopheessitee dhaqe. \q1 \v 9 Akka deebi'ee lafa hin golline, \q2 meessaa inni dande'ee hin dabarre, \q2 ati isaaf goote. \b \q1 \v 10 Ati maddi dhooqa keessa akka yaa'u goote; \q2 isaan koobota wodhakkaa yaa'an. \q1 \v 11 Bineensoti isaan unan; \q2 harreen diidaalle untee dheebuu baati. \q1 \v 12 Sinbirrooti bisaan san biratti mana ijaarratan; \q2 isaan dameelee oddu'uu wocan. \b \q1 \v 13 Gubbaa irraa bokkeyaan gaarota bisaan obaatta; \q2 lattille waan ati hujjeen guutanti. \q1 \v 14 Marri hori'iif akka latu, \q2 namaafille sagalee waan te'uuf, \q2 lafa irraa midhaan akka latu goota. \q1 \v 15 Woyniin gadhaa namaa akka gammachiittu, \q2 zayitiin fuula namaa akka cululussitu, \q2 sagaleen akka nama jabeessitu goota. \b \q1 \v 16 Mukooti Mootii Waan Maraa birbirsooti Libaanonii, \q2 ka inni dhaabe bisaan guddaa dhaggatan. \q1 \v 17 Sinbirrooti isaan keessatti mana ijaarratan; \q2 qongaan birbirsa irratti hin gala. \q1 \v 18 Gaaroti dhedheeraan ka goda'aa\f + \fr 104:18 \fr*\fqa Godaa: \fqa*\ft Bineensa re'ee fakkaatu ka gaara irra le'u.\ft*\f* ti; \q2 holli rassa'aa lafa osoleen itti baqattu. \b \q1 \v 19 Ji'a yennaa akka gargar baasuuf dadde; \q2 aduulle yennaa seensuma ifii hin beetti. \q1 \v 20 Ati dukkana dadde; isiin halkan teeti; \q2 yennaa san bineensoti badda'aa luuxanee bayan. \q1 \v 21 Neenqoti dardarooti adamo'oof dhangaa dhowan; \q2 sagalee ifii Waaqa irraa barbaadatan. \q1 \v 22 Yennaa aduun baatu, \q2 deebi'anee mandhee ifii keessa ciisan. \q1 \v 23 Achiin duuba nami gara hujii ifii bayee, \q2 haga galgalaatitti hujii ifii huja. \b \q1 \v 24 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 hujiin teeti attam attam baca'a! \q2 Ati isaan mara qarumma'aan daddeerta; \q2 latti waan ati daddeen guutanteerti. \q1 \v 25 Kunoo, abbaayaan guddittiin guddo'oo fi badhoon achi jirti; \q2 bineensi didiqqa'aa fi gugurdaan, \q2 wonni lubbuu qabu bindillaan achi keessa jiran. \q1 \v 26 Abbaayaa san irra hobolooti gugurdoon hin ideeman; \q2 bineensi naacha fakkaatu, \q2 ka «Lewaataan» jedhamu achi keessa taphata. \b \q1 \v 27 Sagalee yenna'aan akka isaaniif kennitu, \q2 isaan kun marti si eeggatan. \q1 \v 28 Yennaa ati isaaniif kennitu, \q2 isaan wolitti qabatan; \q2 yennaa ati harka keeti isaaniif diriirsitu, \q2 isaan waan dansaa hin quufan. \q1 \v 29 Yennaa ati isaan irraa garagaltu, \q2 isaan guddoo sodaatan; \q2 yennaa ati hafuura isaanii isaan keessaa fudhatu, \q2 isaan hin du'an; \q2 gara biyye'ee hin deebi'an. \q1 \v 30 Yennaa ati hafuura keeti itti baafatu, \q2 isaan hin dadaman; \q2 ati lafa deebittee haareya goota. \b \q1 \v 31 Ulfinni Mootii Waan Maraa \q2 haga bara baraa jiraatuu ti; \q2 Mootiin Waan Maraa hujii ifiitiin gammaduu ti. \q1 \v 32 Inni ilaalchaan ka lafa rommisiisu; \q2 tuqiisaan gaara keessaa ka aara baasu. \q1 \v 33 Ani bara jiruu tiyyaa mara \q2 Mootii Waan Maraatiif hin faarsa; \q2 ani haga jiru mara \q2 Waaqa kiyya faaru'uun hin leellisa. \q1 \v 34 Yaadi gadhaa kiyyaa isa gammachiisuu ti; \q2 ani Mootii Waan Maraatiin hin gammada. \q1 \v 35 Cubbaaleyiin lafa irraa badanuu ti; \q2 hamaaleyyiin haganaa achi hin jiraatin. \b \q1 Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi; \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 105 \s1 Baasa Waaqi Kolbaa Israa'eliitiif Godhe \r (1 Dab. 16:8-22) \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa galateeffadha'a; \q2 maqaa isaa waammadha'a; \q2 waan inni huje \q2 gosa biyya adda addaa oddu'utti beessisa'a. \q1 \v 2 Isa faarfadha'a; faaru'uun isa leellisa'a. \q2 Waan bilbaasa inni huje mara odeessa'a. \q1 \v 3 Maqaa isaa woyyichaan ifi jaja'a; \q2 gadhaan worra Mootii Waan Maraa barbaaduu \q2 gammadee firinxiixuu ti. \q1 \v 4 Mootii Waan Maraatii fi jabeenna isaa barbaada'a; \q2 yennaa mara fuula isaa barbaada'a. \q1 \v 5 Hujii baasaa ta inni huje, \q2 bilbaasota, muraa inni kennelle qaabadha'a; \q1 \v 6 Isin ijoolleen Abrahaamii tajaajilaa isaa, \q2 isin ilmaan Yaaqoobii worri isaaf filatantane \q2 tana qaabadha'a. \q1 \v 7 Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna; \q2 inni biyya lafaa duudi'itti mura. \q1 \v 8 Inni gondooroo ifii haga bara baraa, \q2 jecha ifii ka ajaje \q2 haga dhaloota kumaatitti hin dedhu. \q1 \v 9 Inni gondooroo Abrahaam woliin gondoore, \q2 kakuu Yisihaqiif kakate hin dedhu. \q1 \v 10 Tun Yaaqoobiif Seerata, \q2 Israa'eliif gondooroo bara baraa akka teetuuf jabeessee, \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa, «Qooda ati dhaaltu akka teetu, \q2 ani lafa Kana'aanii si'iif hin kenna» jedhe. \b \q1 \v 12 Yennaa san laakkossi kolbaa Waaqaa hin bacanne; \q2 isaan laakkossaan worra diqqaa, biyya ormaatitti galee, \q2 \v 13 gosa biyya tokkoo irraa gara gosa biyya tokkoo, \q2 mootummaa tokko irraa \q2 gara kolbaa dhibi'ii asii fi achi worra daaqaa ture. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 nami tokkolle akka isaan cunqursu hin goone; \q2 inni isaaniif jedhee mootota xixee, \q1 \v 15 «Worra ani muudadhe hin tuqina'a; \q2 raagota tiyya hin miidhina'a» jedhe. \b \q1 \v 16 Mootiin Waan Maraa lafa irratti beela buuse; \q2 sagalee isaanii mara balleesse. \q1 \v 17 Ammoo inni namicha tokko \q2 ka garbicha te'ee gurgurame, \q2 Yoseef isaaniin dura erge. \q1 \v 18 Isaan wodaroo sibiilaa miila isaatitti keyanee, \q2 wodaroo sibiilaatiin hidhane. \q1 \v 19 Wonni Yoseef dursee dubbate haga muummottutti, \q2 jechi Mootii Waan Maraa haga isa ilaale. \q1 \v 20 Mootichi biyya Gibxi'ii \q2 ka gosa biyya adda addaa bulchu, \q2 nama ergee isa hiikisiisee, bilisa isa baase. \q1 \v 21 Inni mana ifii irratti goottaa, \q2 qabeenna ifii mara irratti bulchaa isa godhate. \q1 \v 22 Qondaaltota mootichaa akka fedhe akka gorsu, \q2 gorsitoota mootichaalle \q2 qarummaa akka barsiisu godhe. \q1 \v 23 Achiin duuba Israa'el gara biyya Gibxi'ii dhaqee, \q2 maatiin Yaaqoobii biyya Kaamiititti alagaa teete. \q1 \v 24 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii baceessee, \q2 diinota isaanii caalaa isaan jabeesse. \q1 \v 25 Worri Gibxi'ii akka kolbaa isaa jibbitu, \q2 tajaajiltoota isaatitti mala akka dhoottu godhe. \q1 \v 26 Achiin duuba inni tajaajilaa ifii Muuse'ee fi \q2 Aaronii ifii filate erge. \q1 \v 27 Isaan beessisa bilbaasa isaa worra Gibxi'ii oddu'utti, \q2 waan maade'ee lafa kaamii keessatti hujane. \q1 \v 28 Mootiin Waan Maraa \q2 dukkana ergee lafa dukkaneesse; \q2 worri Gibxi'ii ammoo waan inni jedhe mormane. \q1 \v 29 Inni bisaan isaanii gara dhiigaa jijjiiree, \q2 qurxummii isaaniille akka du'anu godhe. \q1 \v 30 Biyya isaanii, \q2 kolloon moototaalle adoo hin hafin \q2 raachi keessa guute. \q1 \v 31 Mootiin Waan Maraa dubbannaan \q2 faachii fi bookeen \q2 biyya isaanii duudii keessa dhufane. \q1 \v 32 Bokkeya isaanii bokkeya dhaka'aa godhee, \q2 lafa isaanii maratti mandiisuu buuse. \q1 \v 33 Woynii isaaniitii fi harruu isaanii balleessee, \q2 muka lafa isaanii butuche. \q1 \v 34 Inni dubbannaan awwaannisi, \q2 korophiis laakkowanee hin dandeenne dhufane. \q1 \v 35 Isaan waan bisilee lafa isaanii keessaa mara, \q2 midhaan lafa isaaniille nyaatane. \q1 \v 36 Mootiin Waan Maraa \q2 biyya Gibxi'ii keessaa \q2 angafa te'ee ka dhalate mara, \q2 ilma isaanii angaficha mara ijjeese. \b \q1 \v 37 Achiin duuba inni \q2 Israa'elooti meeti'ii fi worqii \q2 fudhatanee akka bayanu godhe; \q2 gosa isaanii keessaa \q2 tokkolle nami duubatti hafe hin jiru. \q1 \v 38 Worri Gibxi'ii guddoo waan isaan sodaataneef, \q2 yennaa Israa'elooti bayanu gammadane. \q1 \v 39 Mootiin Waan Maraa \q2 akka golla'aa duumensa diriirsee, \q2 halkan ifa akka isaanii kennu \q2 ibidda isaaniif qopheesse. \q1 \v 40 Isaan gaafannaan inni barbadi-kille isaaniif fide; \q2 ol-gubbaa irraa sagalee isaanii kennee isaan quusse. \q1 \v 41 Inni rassaa dhoosee, bisaan keessaa lola'ee, \q2 akka lagaa goomolee keessa yaa'e. \q1 \v 42 Inni addii ifii woyyittii, \q2 tajaajilaa ifii Abrahaamiif kenne qaabate. \q1 \v 43 Inni kolbaa ifii gammadaan, \q2 worra isaaf filame ililleetti'iin akka bayanu godhe. \q1 \v 44 Inni lafa gosa biyya adda addaa isaaniif kenne; \q2 maarre isaan lafa worri dhibiin itti elowe fudhatane. \q1 \v 45 Tunille akka isaan seerata isaatii fi \q2 seera isaa eegatanuuf teete. \b \q1 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 106 \s1 Arjummaa Mootiin Waan Maraa Kolbaa Ifiititti Mudhise \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \q2 Inni dansaa waan te'eef, \q2 haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf, \q2 Mootii Waan Maraa galateessa'a! \q1 \v 2 Hujii gugurdoo Mootii Waan Maraa \q2 eentu lallabee dande'a? \q2 Yookiin leellisa isaa mara \q2 eentu lassee dande'a? \q1 \v 3 Worri haqa eegu, \q2 worri yennaa mara balchumma'aan huju \q2 ka gammade. \b \q1 \v 4 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 yennaa kolbaa teetiif waan dansaa gootu \q2 na qaabadhu; \q2 yennaa isaan baachu analle qarqaar. \q1 \v 5 Duroomiisa worra si'iif filamee akka dhaggu, \q2 gammadiisa kolbaa teetiitiin akka gammadu, \q2 kolbaa teeti woliin akka si leellisu na godhi. \b \q1 \v 6 Akkuma abbootii teennaa \q2 nuutille cubbuu hunyeerra; \q2 balleessineerra; waan hantuulle gooneerra. \q1 \v 7 Abbootiin teenna yennaa biyya Gibxi'ii jirtu, \q2 hujii teeti ta baasaa hin hubanne; \q2 gadhi-laafummaa teeti hin qaabanne; \q2 isaan abbaayaa diintuu biratti \q2 si irratti ka'ane. \q1 \v 8 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa \q2 hunna ifii jadduu mudhisiisaaf, \q2 maqaa ifiitiif jedhee isaan baase. \q1 \v 9 Inni abbaayaa diintuu xixee, \q2 isiille godde; \q2 inni qilee keessa \q2 akka goomolee keessaa isaan sooresse. \q1 \v 10 Inni harka nyaapha isaanii keessaa isaan baasee, \q2 harka diinota isaanii keessaa isaan wode. \q1 \v 11 Bisaan diinota isaanii irra garagale; \q2 isaan keessaa tokkolle hin hanne. \q1 \v 12 Achiin duuba kolbaan jecha isaa dhugeeffatte; \q2 faaruu leellisaa isaaf faarsane. \q1 \v 13 Te'uu malee, isaan yoosuma waan inni huje dedhane; \q2 gorsa isaalle hin eeganne. \q1 \v 14 Isaan gammoojjii keessatti sagalee dharra'ane; \q2 goomolee keessatti Waaqa haga ilaalane. \q1 \v 15 Inni waan isaan gaafatane isaaniif kenne; \q2 ammoo dhukkuba isaan golgoleessu itti fide. \b \q1 \v 16 Isaan addee quttumaa san keessatti Muuse'ee fi \q2 woyyicha Mootii Waan Maraa Aaron hinaafane. \q1 \v 17 Latti gargar baqaxxee Daataan liqinsitee, \q2 waa'eloota Abiiraamiille'etti cufante. \q1 \v 18 Worra isaan hordofu oddu'utti ibiddi gabbate; \q2 bobe'i ibidda sanii worra hamaaleyyii muxuqi godhe. \b \q1 \v 19 Isaan gaara Horeebiititti jabbii hujanee, \q2 waaqa dharaa san waaqonfatane. \q1 \v 20 Isaan Waaqa ulfaataa ifii, \q2 fakkii horii marra dheeduutiin jijjiirane. \q1 \v 21 Isaan Waaqaa isaan baase, \q2 ka biyya Gibxi'ii keessatti waan gugurdoo huje, \q2 \v 22 hujii bilbaasaa ta inni biyya Kaamii keessatti huje, \q2 waan maade'ee \q2 ta inni abbaayaa diintuu biratti huje dedhane. \q1 \v 23 Maarre Waaqi silaa isaan hin balleessa jedheeraayyu; \q2 Muuseen inni filate sun ammoo, \q2 mufii isaa ta isaan balleessitu isaan irraa deebisiisaaf, \q2 odduu seenee fuula isaa dura dhaabbate. \b \q1 \v 24 Achiin duuba isaan lafa dansaa Kana'aanii san tuffatanee, \q2 addii Waaqi isaaniif kenne hin dhugeeffanne. \q1 \v 25 Isaan dunkaanii ifii keessatti gungumane; \q2 Mootii Waan Maraatiifille hin ajajanne. \q1 \v 26 Tanaaf inni harka ol fudhatee, \q2 goomolee keessatti akka isaan du'anu kakatee, \q2 \v 27 sanyiin isaanii \q2 gosa biyya adda addaa oddu'utti akka duutu, \q2 lafa mara keessa isaan bittinneesse. \b \q1 \v 28 Isaan waaqa, «Ba'aal Phe'or» jedhamu \q2 waaqonfatiisaan qabamanee, \q2 ciincaa waaqota lubbuu hin qanneef dhikaatelle nyaatane. \q1 \v 29 Isaan hujii ifiitiin \q2 Mootii Waan Maraa tuttuqanee aarsanee, \q2 odduu ifiititti balaa buusane. \q1 \v 30 Fiinehaas ammoo ka'ee worra yakkaa huje adabee, \q2 balaan sun dhaabbate. \q1 \v 31 Wonni inni tolche sun dhalootaa haga dhalootaatitti, \q2 yennaa mara akka balchumma'aatitti isaaf laakkowatante. \b \q1 \v 32 Bisaan Mariiba'aa biratti \q2 isaan Mootii Waan Maraa aarsane; \q2 sababa waan isaan hujaneetiif \q2 Muuseen rakkate. \q1 \v 33 Isaan akka malee waan Muusee aarsaneeranuuf, \q2 inni dubbii dubbii hin teene dubbate. \b \q1 \v 34 Akka Mootiin Waan Maraa isaan ajajetti, \q2 isaan gosa biyya adda addaa hin balleessine. \q1 \v 35 Ammoo gosa biyya adda addaa woliin makamanee, \q2 aadaa isaanii baratane. \q1 \v 36 Isaan waaqota dharaa, \q2 ka tiyyoo isaanitti te'e waaqonfatane. \q1 \v 37 Isaan ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ta ifii \q2 durriisotaaf ciincessane. \q1 \v 38 Isaan waaqota dharaa ka worra Kana'aaniitiif, \q2 dhiiga ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ta ifii, \q2 ta yakkaa hin qanne dhangalaasane; \q2 lattille dhiigaan battootte. \q1 \v 39 Akkasiin isaan hujii ifiitiin battowanee, \q2 akka gaarayyeeffattootaa \q2 Waaqaaf addatamummaa dhabane. \q1 \v 40 Tanaaf Mootiin Waan Maraa \q2 kolbaa ifiititti aaree bobe'ee, \q2 isaan diqate. \q1 \v 41 Inni harka gosa biyya adda addaatitti \q2 dabarsee isaan kennee, \q2 diinoti isaanii bulchitoota isaanii te'ane. \q1 \v 42 Diinoti isaanii isaan cunqursanee, \q2 isaan baallii isaanii jala galane. \q1 \v 43 Inni yennaa hedduu isaan baase; \q2 isaan ammoo finqiliisatti jabaatanee, \q2 yakkaa ifiitiin salphatane. \q1 \v 44 Te'uu malee, yennaa iyya isaanii dhage'e, \q2 inni rakkinna isaanii ilaale. \q1 \v 45 Isaaniif jedhee inni gondooroo ifii qaabate; \q2 sababa jaalala guddaa ifiitiif \q2 isaaniif naye. \q1 \v 46 Worri isaan booji'e marti, \q2 akka isaaniif nayanu godhe. \b \q1 \v 47 Nuuti maqaa keeti woyyicha akka galateeffannuuf, \q2 si leellisiisaan akka ulfinna sii kenninuuf, \q2 ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, \q2 ati nu baasi; \q2 gosa biyya adda addaa keessaa wolitti nu qabi. \q1 \v 48 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii \q2 bara baraa haga bara baraa leellifamuu ti; \q2 kolbaan marti «Ameen» jettuu ti. \q1 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 107 \ms Kitaaba Shaneesso'oo \mr (Far. 107—150) \s1 Rakkoo Hedduu Keessaa Waan Baaseef Galata Waaqaaf Dhikaatu \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef, \q2 inni haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf, \q2 isa galateeffadha'a. \q1 \v 2 Worri Mootiin Waan Maraa wode, \q2 ka inni harka diinaa jalaa wode, \q2 \v 3 ka inni lafa \q2 karaa aduun baatuu fi seentu irraa, \q2 kaabaa fi kibba irraa wolitti qabe, \q2 isa galateeffadha'a. \b \q1 \v 4 Worri gariin goomolee duwwaa \q2 lafa womaa keessa hin jirre keessa daaqane; \q2 karaa gara qachaa keessa qubatanu \q2 isaan geessu irraa miliqane. \q1 \v 5 Isaan beelotaanee dheebotane; \q2 addiille kutatane. \q1 \v 6 Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti \q2 gara Mootii Waan Maraa iyyane; \q2 innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase. \q1 \v 7 Inni gara qachaa isaan keessa qubatanuu, \q2 karaa qajeelaa irra isaan sooresse. \q1 \v 8 Jaalala isaa ka bara baraatiif, \q2 waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatiif godheef, \q2 isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti. \q1 \v 9 Inni worra dheebote dheebuu baasa; \q2 worra beelotelle waan dansa'aan quussa. \q1 \v 10 Worri gariin dukkanaa fi dimma keessa, \q2 wodaroo sibiilaatiin hidhamanee le'ane. \q1 \v 11 Sababille isaan jecha Waaqaa mormanee, \q2 gorsa Waaqa Ol Aana'aa tuffatane. \q1 \v 12 Maarre inni hujii dadhassiittu'uun gad isaan qabe; \q2 isaan gad jigane; ka isaan qarqaarulle hin jiru. \q1 \v 13 Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti \q2 gara Mootii Waan Maraa iyyane; \q2 innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase. \q1 \v 14 Inni dukkanaa fi dimma keessaa isaan baasee, \q2 wodaroo sibiilaa ta ittiin hidhamane kukkute. \q1 \v 15 Jaalala isaa ka bara baraatiif, \q2 waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef, \q2 isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti. \q1 \v 16 Inni balbala sageettu'uu caccasse; \q2 danqaraa sibiilaa adda lamatti qurxe. \q1 \v 17 Worri gariin karaa cubbu'uu waan deemaneef \q2 gowwoomanee, sababa yakkaa ifiitiifille farrane. \q1 \v 18 Isaan sagalee mara diqatanee, \q2 du'iisa geyane. \q1 \v 19 Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti \q2 gara Mootii Waan Maraa iyyane; \q2 innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase. \q1 \v 20 Inni jecha ifii ergee isaan fayyise; \q2 du'iisa irraa isaan hambure. \q1 \v 21 Jaalala isaa ka bara baraatiif, \q2 waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef, \q2 isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti. \q1 \v 22 Ciincaa galataa dhikeessanuu ti; \q2 faaruu gammadaatiin hujii isaa odeessanuu ti. \q1 \v 23 Worri gariin hobolootaan \q2 abbaayaa irra deemaa, \q2 bisaan guddaa irra daldalatan. \q1 \v 24 Isaan waan Mootiin Waan Maraa godhu, \q2 bilbaasa inni qilee abbaayaa gudditti'ii \q2 keessatti huju dhaggane. \q1 \v 25 Inni ajajee, \q2 hobonbolattii \q2 danbalii abbaaya'aa ol fuutu kaase. \q1 \v 26 Isaan gara ol-gubba'aa ol ka'anee \q2 gara qile'ee gad bu'ane; \q2 rakkinna keessalle'etti addii kutatane. \q1 \v 27 Isaan akka nama machowee loollowanee tintimane; \q2 waan godhanulle wollaalane. \q1 \v 28 Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti \q2 gara Mootii Waan Maraa iyyane; \q2 innille rakkinna isaanii keessaa isaan baase. \q1 \v 29 Inni hobonbolattii sarmisiisee, \q2 danbaliille cadhi godhe. \q1 \v 30 Isaan danbaliin waan cadhitteef gammadanee, \q2 innille gara buufata hoboloo gudditti'ii \q2 ta isaan bira geyiisaaf fedhanee isaan geesse. \q1 \v 31 Jaalala isaa ka bara baraatiif, \q2 waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef, \q2 isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti. \q1 \v 32 Isaan wolde'a kolba'aa keessatti isa saadanuu ti; \q2 yaa'ii maanguddo'oo keessalle'etti isa leellisanuu ti. \b \q1 \v 33 Inni laga gara goomole'ee, \q2 madda bisaanii gara lafa godddu'uu jijjiire. \q1 \v 34 Sababa worra hamoolee isii irra le'uutiif, \q2 lafa midhaan baachu, \q2 akka lafa booqee sooddaa ta midhaan hin baanyee godhe. \q1 \v 35 Inni goomolee gara baleessa bisaanii, \q2 lafa godduulle gara madda bisaanii jijjiire. \q1 \v 36 Inni worri beelowaan akka achi qubatanu godhe; \q2 isaanille qachaa keessa le'anu ijaarratane. \q1 \v 37 Isaan ficha'atti midhaan facaafatanee, \q2 muka woyni'ii dhaabbatane; \q2 midhaan bacaalle galfatane. \q1 \v 38 Waaqi isaan eebbisee, \q2 isaan ijoollee bacaa horane; \q2 horiin isaaniille akka diqqaatu hin goone. \b \q1 \v 39 Yennaa isaan cunqurfamiisaan, \q2 rakkatiisaa fi gaddiisaan gad qabamane, \q2 laakkossi isaanii diqqaate. \q1 \v 40 Inni qondaaltotatti salphinna fidee, \q2 goomolee daandii hin qanne keessa akka daaqanu godhe. \q1 \v 41 Inni ammoo worra hiyyeeyyii farra keessaa baasee, \q2 maatii isaanii akka hoole'ee akka horanu godhe. \q1 \v 42 Worri qajeelaan waan kana dhagganee gammadan; \q2 worri hamaan ammoo afaan ifii qabatan. \q1 \v 43 Worri qarooleen waan kana hubatanuu ti; \q2 jaalala bara baraa ka Mootii Waan Maraa qalbeeffatanuu ti. \c 108 \s1 Leellisaa fi Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Faaruu. Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu; \q2 ani gadhaa tokkochaan, \q2 meya faaru'uu ka adda addaatiin hin faarfadha! \q1 \v 2 Ee kiraara guddicha, ee maseenqo'o dammaqa'a! \q2 Anille boruu hin dayyaasa. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani gosa biyya adda addaa oddu'utti si galateeffadha. \q2 Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti faaru'uun si leellisa. \q1 \v 4 Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te'eef, \q2 akka ol-gubba'aa ol fagaata; \q2 addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi. \q1 \v 5 Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami; \q2 ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti. \q1 \v 6 Kolbaan ati jaalatu akka baatu, \q2 hunna teetiin nu baasi; \q2 daadimata keennaafille deebii kenni. \b \q1 \v 7 Waaqi addee woyyittii ifii keessaa, «Ani injifadhee, \q2 lafa, ‹Sheekem› jedhantu hin hira; \q2 dhooqa Suukootii kolbaa tiyyaaf hin qooda. \q1 \v 8 Latti Giil'aadii tiyya; latti Minaase'eelle tiyya; \q2 Efreem gullee tiyya ta sibiilaa ti; \q2 Yihudaan ulee tiyya ta bokku'uu ti. \q1 \v 9 Mo'aab gabataa kiyya ka itti dhiqataa ti; \q2 Edoom kiyya akka te'e mirkaneessiisaaf, \q2 kophee tiyya irratti hin qolaansa; \q2 Filisxeemota irratti injifanno'oon ilillisa» jedheera. \b \q1 \v 10 Gara qachaa guddicha dalleya \q2 dhaka'aatiin marfamee eentu na fida ree? \q2 Akka loluuf gara Edoomii eentu na geessa ree? \q1 \v 11 Ee Waaqa, ati nu gatteerta; \q2 loltoota teenna woliin bayiisa lakkitteerta. \q1 \v 12 Qarqaarsi namaa womaa waan nu'uuf hin baneef, \q2 diinota keenna akka lolluuf, \q2 ati nu qarqaar. \q1 \v 13 Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna; \q2 inni diinota keenna hin salphisa. \c 109 \s1 Iyyata Nama Rakkoo Irra Jiruu \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ee Waaqa, ka ani leellifadhu, \q2 hin cadhisin. \q1 \v 2 Worri hamaaleyyi'ii fi dharaameyyiin \q2 dharaan afaan natti banatan; \q2 arraba dharaatiin natti dubbatan. \q1 \v 3 Isaan na marsanee jecha jibbaa dubbatan; \q2 sababa malee na lolan. \q1 \v 4 Ani isaan jaaladhulle, isaan na lolan; \q2 ani ammoo isaaniif hin daadimadha. \q1 \v 5 Waan dansaa ani godheef, \q2 isaan waan hantuu naaf deebisan; \q2 ani isaan jaaladha; \q2 isaan ammoo na jibban. \b \q1 \v 6 Abbaa mura'aa hamaa diina kiyya irratti kaasi; \q2 nami isa himatu midda isaa dhaabbatuu ti. \q1 \v 7 Kora mura'aa duratti yakkaamessa te'ee dhaggamuu ti; \q2 daadimati isaalle akka cubbu'uu isatti laakkowantuu ti. \q1 \v 8 Barri jiruu isaa gabaabbatuu ti; \q2 nami dhibiin sooressummaa isaa fudhatuu ti. \q1 \v 9 Ijoolleen isaa ka abbaa hin qanne teetuu ti; \q2 niitiin isaalle haadha hiyyeessaa teetuu ti. \q1 \v 10 Ijoolleen isaa daaqaa kadhattuu ti; \q2 mana diigamaa amma keessa le'anu \q2 keessaalle'ee ari'amanuu ti. \q1 \v 11 Qabeenna isaa mara \q2 abbaan beenya'aa qabatuu ti; \q2 waan inni itti elowee dhaggate \q2 alagaan saamuu ti. \q1 \v 12 Nami isaaf nawu, \q2 yookiin ijoollee isaa \q2 ta abbaa hin qanne ka kunuunsu, \q2 tokkolle hin jiraatin. \q1 \v 13 Sanyiin isaa dhumattuu ti; \q2 maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa \q2 haxowamee baduu ti. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa \q2 yakkaa abbootii isaa ta durii qaabatuu ti; \q2 cubbuun haadha isaalle \q2 haxowantee hin balleeffanti. \q1 \v 15 Mootiin Waan Maraa \q2 yennaa mara cubbuu isaanii qaabatuu ti; \q2 isaan ijjumaa lafa irraa dedhamanuu ti. \b \q1 \v 16 Namichi hamaan worra hiyyeeyyii, \q2 worra rakkata'aa fi \q2 worra akka malee gaddeeru ari'ee ijjeese malee, \q2 isaaniif hin mararre. \q1 \v 17 Inni abaaruu jaalate; abaarsi isatti dhufuu ti; \q2 inni eebba hin jaalatu; eebbi isa irraa fagaatuu ti. \q1 \v 18 Inni abaarsa akka woya'aa uffate; \q2 abaarsi akka bisaanii gara nafa isaa, \q2 akka zayiti'ii gara lafee isaa seenuu ti. \q1 \v 19 Abaarsi akka woyaa inni facaafatuu\f + \fr 109:19 \fr*\fqa Woyaa inni facaafatu: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa woyaa inni darbatu \fqa*\ft jedhan.\ft*\f*, \q2 akka hiituu inni guyyaa mara hidhatuu isatti te'uu ti. \b \q1 \v 20 Kun martinuu gatii Mootii Waan Maraa biraa \q2 worri na himatu, \q2 ka hantuu tiyya dubbatu \q2 dhaggatu teetuu ti. \q1 \v 21 Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, ati ammoo \q2 maqaa keetiif jedhii waan dansaa naa godhi; \q2 jaalala keeti ka bara baraatiin, na baasi. \q1 \v 22 Ani hiyyeessa, rakkataalle waan te'eef, \q2 gadhaan kiyya na madowe. \q1 \v 23 Ani akka gaaddisa galgalaa dabaraara; \q2 akka awwaannisa muka irraa hargufanuu \q2 hargufamiisatti jira. \q1 \v 24 Laamiisa irraa ka ka'e jilbi kiyya lelleqe; \q2 nafi kiyya huqqatee googiraa te'e. \q1 \v 25 Diinota kiyyaaf murgoo te'e; \q2 isaan yennaa na dhagganu mataa natti raasan. \b \q1 \v 26 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, na qarqaar; \q2 jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na baasi. \q1 \v 27 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 wonni kun hujii harka keetii akka teete, \q2 akka ati waan kana hujje \q2 diinoti kiyya beekanuu ti. \q1 \v 28 Isaan na abaaran; ati ammoo na hin eebbitta; \q2 isaan natti ka'an; ammoo hin salphatan; \q2 ani tajaajilaan keeti ammoo hin gammada. \q1 \v 29 Diinoti kiyya salphinna akka woya'aa uffatanuu ti; \q2 qaanii akka bullukko'oo facaafatanuu ti. \b \q1 \v 30 Afaan kiyyaan guddisee \q2 Mootii Waan Maraa galateeffadha; \q2 kolbaa hedduu duratti isa leellisa. \q1 \v 31 Sababille harka worra du'a isaanitti mure jalaa baasiisaaf, \q2 inni midda worra rakkata'aa dhaabbatta. \c 110 \s1 Mooticha Mootiin Waan Maraa File \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa Goottaa\f + \fr 110:1 \fr*\fqa Goottaa: \fqa*\fqa Goottaan kun Masiihii.\fqa*\f* kiyyaan, \q2 «Haga ani diinota keeti \q2 ejjata miila keetii jala kewutti, \q2 ati midda kiyya tee'i» jedhe. \b \q1 \v 2 Mootiin Waan Maraa \q2 Xiyoon irraa ulee bokku'uu \q2 ta jabeenna keetii si'iif hin erga; \q2 atille diinota keeti irratti mootii te'i! \q1 \v 3 Guyyaa ati diinota keeti loltu, \q2 kolbaan teeti fedhii ifiitiin si woliin hin duulan; \q2 dargaggooti teetille akka fixeensa dayya'a boru'uu, \q2 kooba woyyittii irratti gara keeti hin dhufan. \b \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, \q2 ati hayyuu bara baraa ti» jedhee kakateera; \q2 inni yaada ifii hin jijjiiratu. \b \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa midda keeti jira; \q2 guyyaa mufii ifii mootota hin butucha. \q1 \v 6 Inni gosa biyya adda addaatitti hin mura; \q2 reeffa isaan keessa hin guuta; \q2 bulchitoota lafaa duudiille hin butucha. \q1 \v 7 Mootichi madda karaa cina'aa keessaa \q2 bisaan hin una; \q2 tanaaf inni mataa ifii ol hin qabata. \c 111 \s1 Leellisa Hujii Maade'ee Mootii Waan Maraatiif Dhikaate \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa Leellisa'a! \b \q1 Kora worra qajeela'aatii fi wolde'a keessatti, \q2 gadhaa tokkochaan \q2 ani Mootii Waan Maraa hin saadadha! \q1 \v 2 Wonni Mootiin Waan Maraa huje guddo'o; \q2 worri hujii guddoo saniin gammadu marti \q2 isii hubatiisa barbaada. \q1 \v 3 Wonni inni huje marti \q2 ulfinnaa fi arnyaan guutanteerti; \q2 balchummaan isaalle \q2 haga bara baraa jabaattee dhaabbatti. \b \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa \q2 hujii ifii akka qaabatantu godhe; \q2 inni arja'a; mararaalle'e. \q1 \v 5 Inni worra isa sodaatuuf sagalee hin kenna; \q2 haga bara baraa gondooroo ifii hin qaabata. \q1 \v 6 Inni lafa gosa adda addaa isaanii kenniisaan, \q2 hunna ifii kolbaa ifiititti mudhiseera. \b \q1 \v 7 Hujiin harka isaa marti dhuga'aa fi haqa; \q2 seerri isaa marti addatama'a. \q1 \v 8 Seerri isaa haga bara baraa jabaatee dhaabbatee, \q2 addatamumma'aa fi balchumma'aan hujameera. \q1 \v 9 Inni kolbaa ifiitiif wodoo erge; \q2 gondooroo ifiille haga bara baraa ajaje; \q2 maqaan isaa woyyicha; ka sodaatamelle'e. \q1 \v 10 Qarummaan jalqabaa \q2 Mootii Waan Maraa sodaatiisa; \q2 worri ajaja isaa hordofu hubantii dansaa qaban; \q2 kolbaan haga bara baraa \q2 Mootii Waan Maraa saadatu'uu malte. \c 112 \s1 Gammada Nama Balcha'aa \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti; \q2 nami Mootii Waan Maraa sodaatu, \q2 ka ajaja isaatiin guddoo gammadu \q2 ka gammade. \q1 \v 2 Sanyiin isaa lafa san keessatti \q2 worra jabaa hin te'an; \q2 dhalooti worra qajeela'aa hin eebbifanti. \q1 \v 3 Manni isaa taajurumma'aa fi \q2 durumma'aan hin guutama; \q2 balchummaan isaaniille \q2 haga bara baraa hin jiraatti. \b \q1 \v 4 Nama arja'aa, nama marara'aa fi, \q2 nama balcha'aafille, \q2 dukkana keessalle'etti ifi isaaf hin baya. \q1 \v 5 Nama arjaa, liqaa namaaf kennu \q2 wonni dansaan isaaf hin teeti. \q1 \v 6 Dhugumaan inni ijjumaa hin raafamu; \q2 nami balchaan haga bara baraa hin qaabatama. \b \q1 \v 7 Inni oduu hantuu hin sodaatu; \q2 Mootii Waan Maraatitti waan addatuuf, \q2 gadhaan isaa hin mamu. \q1 \v 8 Gadhaan isaa ijjumaa hin raafamu; hin sodaatu; \q2 dhuma irratti jinnana diinota ifii hin dhagga. \q1 \v 9 Inni arjumma'aan worra hiyyeeyyi'iif kenna; \q2 balchummaan isaa haga bara baraa jiraatti. \q2 Hunnaa fi ulfinnaan hin saadama. \q1 \v 10 Nami hamaan tana dhaggee hin aara; \q2 inni ilkaan ifii qaree, hin bada; \q2 halchaan isaalle ta bu'aa hin qanne teeti. \c 113 \s1 Waaqa Qarqaaraa Worra Hiyyeeyyi'ii \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa leellisa'a; \q2 ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa, \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a; \q2 maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a. \q1 \v 2 Ammaa jalqabee haga bara baraa, \q2 maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti. \q1 \v 3 Baya adu'uutii jalqabee haga seensa adu'uutitti, \q2 maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti. \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa \q2 gosa biyya adda addaa mara irratti ol aanana'a; \q2 ulfinni isaa ol-gubbaa caala. \b \q1 \v 5 Ka akka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa, \q2 Ka barcumaa mootummaa gubba'aa irra tee'u, \q2 \v 6 ka ol-gubba'aa fi lafa gad ilaalu eennu? \q1 \v 7 Inni hiyyeeyyii bukuu keessaa kaasa; \q2 worra rakkataalle \q2 tuulaa daadha'aa keessaa ol fuudha. \q1 \v 8 Inni qondaaltota woliin, \q2 qondaaltota kolbaa ifii woliin isaan teessisa. \q1 \v 9 Maseentittiin haadha ijoolle'ee teetee, \q2 gammadaan mana ifii keessa akka leetu hin godha; \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 114 \s1 Faaruu Yaadannoo Irra Dabaramaa \q1 \v 1 Yennaa Israa'el, sanyiin Yaaqoobii, \q2 gosa afaan ormaa dubbattu, \q2 biyya Gibxi'ii keessaa baate, \q1 \v 2 Yihudaan addee woyyittii Waaqaa, \q2 Israa'elille bulchiisa isaa jala teete. \b \q1 \v 3 Abbaayaan dhaggitee baqatte; \q2 lagi Yordaanosiille gara duubaa deebi'e. \q1 \v 4 Gaaroti akka korbeeyyii hoole'ee, \q2 koobotille akka ilmoolee hoole'ee burraaqane. \b \q1 \v 5 Ee abbaaya'a, ati maaf baqatte? \q2 Ee laga Yordaanosii, gara duubaa maaf deebite? \q1 \v 6 Ee gaarota, isin maaf akka korbeeyyii hoole'ee, \q2 ee koobota, \q2 isin maaf akka ilmoolee hoole'ee burraaxxane? \b \q1 \v 7 Ee lafa, Goottaa duratti, \q2 fuula Waaqa Yaaqoobii duratti holladhu! \q1 \v 8 Inni rassaa gara baleessaatitti, \q2 rassaa jabaa gara madda bisaaniititti hin deebisa. \c 115 \s1 Waaqa Tokkocha Dhuga'aa \q1 \v 1 Nu'uufii moti, ee Mootii Waan Maraa, \q2 nu'uufii moti, \q2 sababa jaalalaa fi \q2 addatamummaa teetiitiif jedhii, \q2 maqaa keeti ulfeessi! \b \q1 \v 2 Gosi biyya adda addaa, \q2 «Waaqi isaanii meet» maaf jedhan? \q1 \v 3 Waaqi keenna ol-gubbaa jira; \q2 waan isa gammachiisu mara godha. \q1 \v 4 Waaqoti isaanii ka dharaa meeti'ii fi worqii, \q2 harka namaatiin hujante. \q1 \v 5 Isaan afaan qaban malee, hin dubbatanu; \q2 ila qaban malee, hin dhagganu. \q1 \v 6 Isaan gurra qaban malee, hin dhage'anu; \q2 funnaan qaban malee, foolee hin fuudhanu. \q1 \v 7 Isaan harka qaban malee, \q2 qaqqabuu hin dande'anu. \q2 Miila qaban malee, hin ideemanu; \q2 laagadaan isaaniille \q2 qoonqoo hin dhageessisu. \q1 \v 8 Worri isaan hujee fi \q2 isaanitti dhugeeffatu martinuu, \q2 akkuma isaanii hin te'an. \b \q1 \v 9 Ee kolbaa Israa'elii, \q2 ka isin qarqaaruu fi isin eegu isa waan te'eef, \q2 Mootii Waan Maraatitti addadha'a! \q1 \v 10 Ee hayyoota, sanyii Aaronii, \q2 inni qarqaaraa keessan; \q2 wontee teessanille'e. \q2 Mootii Waan Maraatitti addadha'a! \q1 \v 11 Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu, \q2 Mootii Waan Maraatitti addadha'a! \q2 Inni qarqaaraa keessan; \q2 wontee teessanille'e. \b \q1 \v 12 Mootiin Waan Maraa nu qaabata; \q2 nu hin eebbisalle'e; \q2 inni kolbaa Israa'elii hin eebbisa; \q2 inni hayyoota sanyii Aaronii hin eebbisa. \q1 \v 13 Inni worra isa sodaatu, \q2 diqqa'aa fi guddaa hin eebbisa. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa \q2 isinii fi ijoollee teessan \q2 akka hortanu godhuu ti. \q1 \v 15 Mootiin Waan Maraa \q2 ol-gubba'aa fi lafa ka dade \q2 isin eebbisuu ti. \b \q1 \v 16 Ol-gubbaan ol-gubbootaa \q2 ta Mootii Waan Maraa ti; \q2 latti ammoo ilmaan namaatiif kennanteerti. \q1 \v 17 Worri du'eeru, \q2 ka gara cadheessaa gad bu'eeru, \q2 Mootii Waan Maraa leellisuu hin dande'u. \q1 \v 18 Nuuti worri jirru ammoo, \q2 ammaa jalqannee haga bara baraa, \q2 Mootii Waan Maraa hin leellifanna; \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 116 \s1 Galata Nama Dhibamee Fayyee \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa \q2 qoonqoo tiyyaa fi iyyata kiyya waan dhage'eef, \q2 ani isa jaaladha. \q1 \v 2 Inni waan naa dhage'uuf, \q2 ani bara jiruu tiyyaa mara isa waammadha. \q1 \v 3 Wodaroon du'aa natti maratte; \q2 rakkoon farri addee worri du'e jiruu na qabatte; \q2 farraa fi gaddaa keessa seene. \q1 \v 4 Achiin duuba ani, «Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani si daadimadhaa na baasi» jedhee \q2 maqaa Mootii Waan Maraa waammadhe. \b \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa arja'a; balchaalle'e; \q2 Waaqi keenna marara'a. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa \q2 worra gad ifi qabu hin eega; \q2 yennaa ani gad qabame, inni na qarqaare. \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa \q2 waan dansaa waan si'iif godheef, \q2 ee lubbuu tiyya, gara foora keetii deebi'i. \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 lubbuu tiyya du'a irraa, \q2 ila tiyya imimmaan irraa, \q2 miila kiyya gufatiisa irraa hamburte. \q1 \v 9 Maarre ani Mootii Waan Maraa dura, \q2 lafa worra jiraata'aa keessa ideema. \q1 \v 10 Ani yennaa, \q2 «Ani guddoo rakkadheera» jedheeyyuu, \q2 dhugeeffannaa tiyya hin lakkinne. \q1 \v 11 Ani yennaa sodaadhe, \q2 «Nami addatamu tokkoolle hin jiru» jedhe. \b \q1 \v 12 Waan dansaa inni naaf kenne maraaf, \q2 ani Mootii Waan Maraatiif \q2 maan deebisee dande'a? \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa waan na fayyiseef, \q2 ani isa hin galateeffadha; \q2 kennansa daadhii woyni'ii isaaf hin dhikeessa. \q1 \v 14 Fuula kolbaa isaa mara duratti, \q2 ani waan waadaa gale \q2 Mootii Waan Maraatiif hin muummessa. \b \q1 \v 15 Duuti worra woyyootaa, \q2 Mootii Waan Maraa duratti ulfinna qaddi. \q1 \v 16 Ee Mootii Waan Maraa, ani tajaajilaa keeti; \q2 ani tajaajilaa keeti, ilma garbittii teetii ti; \q2 ati hidhaa tiyya keessaa na hiitteerta. \q1 \v 17 Ani ciincaa galataa si'iif hin dhikeessa; \q2 gara keetille hin daadimadha. \q1 \v 18 Ani fuula kolbaa isaa mara duratti, \q2 waan Mootii Waan Maraatiif waadaa gale \q2 hin muummessa; \q1 \v 19 Tanalle badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessatti, \q2 Yerusaalem wodhakka'atti hin godha. \b \q1 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 117 \s1 Leellisa Mootii Waan Maraatiif Dhikaate \q1 \v 1 Gosi biyya adda addaa martinuu \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a; \q2 kolbaan martinuu isa saada'a. \q1 \v 2 Jaalalli isaa ka bara baraa \q2 ka inni nu'uuf qabu guddaa waan te'eef, \q2 addatamummaan isaa haga bara baraa ti. \b \q1 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 118 \s1 Faaruu Injifanno'oo \q1 \v 1 Inni dansaa waan te'eef, \q2 jaalala isaa ka bara baraatiif \q2 Mootii Waan Maraa galateessa'a. \q1 \v 2 Kolbaan Israa'elii, \q2 «Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti. \q1 \v 3 Sanyiin Aaronii, \q2 «Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti. \q1 \v 4 Worri Mootii Waan Maraa sodaatu, \q2 «Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhuu ti. \b \q1 \v 5 Ani rakkinna kiyya keessatti \q2 gara Mootii Waan Maraa iyye; \q2 innille deebii naa kennee, \q2 bilisa na baase. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa \q2 na woliin jira; ani hin sodaadhu; \q2 nami maan na godhuu dande'a? \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa \q2 na qarqaariisaaf na woliin jira; \q2 ani jinnana diinota kiyyaa hin dhagga. \q1 \v 8 Namatti addatiisaa mannaa, \q2 gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya. \q1 \v 9 Qondaaltotatti addatiisaa mannaa, \q2 gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya. \b \q1 \v 10 Gosi biyya adda addaa marti na marsane; \q2 ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin \q2 isaan balleesse. \q1 \v 11 Isaan gara maraan na marsane; \q2 ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin \q2 isaan balleesse. \q1 \v 12 Isaan akka kinniisaa na marsane; \q2 ammoo akka ibidda qore'ee dhaamane; \q2 ani maqaa Mootii Waan Maraatiin \q2 isaan balleesse. \q1 \v 13 Ani gara duubaa dhiibamee, jigiisa geye; \q2 Mootiin Waan Maraa ammoo na qarqaare. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa \q2 jabeenna kiyyaa fi faaruu tiyya; \q2 inni fayyinna kiyya te'eera. \b \q1 \v 15 Qoonqoon gammadaatii fi injifanno'oo, \q2 dunkaanii worra balchootaa keessaa, \q2 «Harki Mootii Waan Maraa middichi \q2 hujii jadduu huje; \q2 \v 16 harki Mootii Waan Maraa middichi ol ka'e; \q2 harki Mootii Waan Maraa middichi \q2 hujii jadduu huje» jettu dhage'ante. \b \q1 \v 17 Ani hin le'a malee, hin du'u; \q2 waan Mootiin Waan Maraa hujelle \q2 hin odeessa. \q1 \v 18 Mootiin Waan Maraa \q2 jabeessee na adabeera; \q2 ammoo du'aaf dabarsee na hin kennine. \b \q1 \v 19 Akka ani ol seenee \q2 Mootii Waan Maraa galateeffadhuuf, \q2 balbala balchumma'aa naaf bana'a. \b \q1 \v 20 Tun balbala Mootii Waan Maraa ti; \q2 karaa balchooleen seenanu. \b \q1 \v 21 Ati waan naa dhageetteef, \q2 fayyinna kiyyalle waan naaf teeteef \q2 si galatteeffadha. \b \q1 \v 22 Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, \q2 dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te'e; \q1 \v 23 Tun hujii Mootii Waan Maraa ti; \q2 isiin ila teennalle'etti waan baasaa ti. \q1 \v 24 Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana; \q2 itti gammannee firinxiindhuu ti. \q1 \v 25 Ee Mootii Waan Maraa nu baasi; \q2 ee Mootii Waan Maraa nu milkeessi. \b \q1 \v 26 Maqaa Mootii Waan Maraatiin \q2 ka dhufu ka eebbifame; \q2 nuuti Galma Waaqaa keessaa isin eebbinna. \q1 \v 27 Mootiin Waan Maraa Waaqa; \q2 inni ifa nu'uuf isseera. \q1 Dameelee bisilee qabannee, jila bobbaanee, \q2 haga gaafota addee ciinca'aa dhandhuu ti. \b \q1 \v 28 Ati Waaqa kiyya; ani si galateeffadha; \q2 ati Waaqa kiyya; ani si saadadha. \b \q1 \v 29 Inni dansaa waan te'eef, \q2 jaalala isaa ka bara baraatiif \q2 Mootii Waan Maraa galateessa'a. \c 119 \s1 Seera Mootii Waan Maraa \q1 \v 1 Worri karaan isaanii komii hin qanne, \q2 ka seera Mootii Waan Maraatiin ideemanu \q2 ka gammadane. \q1 \v 2 Worri ajaja isaa eegatu, \q2 ka gadhaa tokkochaan isa barbaadu \q2 ka gammade. \q1 \v 3 Isaan dokonkora hin hujanu; \q2 karaa isaa ideeman. \q1 \v 4 Mootii Waan Maraa, \q2 ajaji keeti guutumatti akka eegamu, \q2 ati ajajjeerta. \q1 \v 5 Ani ajaja keeti eegatiisaan, \q2 jabaadhee adoo dhaabbadhee \q2 attam attam halcha! \q1 \v 6 Ani ila tiyya ajaja keeti mara irraa \q2 yoo hin buqqifatin, \q2 ani hin qaanowu. \q1 \v 7 Muraa haqaa teeti yennaa baradhe, \q2 ani gadhaa qajeela'aan si leellisa. \q1 \v 8 Ani ajaja keeti hin eegadha; \q2 ati ijjumaa na hin lakkisin. \s1 Seera Mootii Waan Maraatiif Ajajamuu \p \v 9 Dargaggooti attamiin karaa ifii \q2 qulqullumma'aan eegatiisa dande'an? \q2 Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan. \q1 \v 10 Ani gadhaa tokkochaan si barbaada; \q2 ajaja keeti irraa akka goru na hin lakkisin. \q1 \v 11 Akka si hin yakkineef, \q2 jecha keeti gadhaa kiyya keessatti dhoffadheera. \q1 \v 12 Ee Mootii Waan Maraa, ati ka leellifante; \q2 seera keeti na barsiisi. \q1 \v 13 Ani qajeelfama afaan keetii baye mara, \q2 afaan kiyyaan hin lallaba. \q1 \v 14 Akkuma nami durummaa guddo'otti gammadu, \q2 ani qajeelfama keeti hordofiisatti \q2 hin gammada. \q1 \v 15 Ani ajaja keeti irra deddeebi'ee itti hin yaada; \q2 karaa keeti irraa ila tiyya hin buqqifadhu. \q1 \v 16 Ani seera keetiin hin gammada; \q2 ani jecha keeti hin dedhu. \q1 \v 17 Akka ani le'uuf, \q2 jecha keetiifille akka ajajamu, \q2 ana tajaajilaa keetiif waan dansaa godhi. \q1 \v 18 Waan maade'ee \q2 ta seera keeti keessaa akka dhaggu, \q2 ila tiyya bani. \q1 \v 19 Ani lafa irratti alaga'a; \q2 ajaja keeti na hin dhossin. \q1 \v 20 Lubbuun tiyya seera keeti halchiisaan, \q2 yennaa mara akka malee dadhaddi. \q1 \v 21 Ati worra koorameeyyii abaarame, \q2 ka ajaja keeti irraa gore, \q2 hin xixxa. \q1 \v 22 Ani ajaja keeti waan eegadheef, \q2 ati murgo'oo fi tuffii isaanii \q2 na irraa fageessi. \q1 \v 23 Qondaaltoti tee'anee \q2 mala na irratti dhowanulle, \q2 ani tajaajilaan keeti \q2 seera keeti itti deddeebi'ee hin yaada. \q1 \v 24 Ajaji keeti marti na gammachiisan; \q2 isaan gorsitoota tiyya. \s1 Seera Waaqaatiif Ajajamiisaaf Murteeffatuu \q1 \v 25 Ani du'iisa geyeera; \q2 ati akka jecha keetiititti \q2 lubbuu tiyya natti deebisi. \q1 \v 26 Ani waan jiruu tiyya keessatti te'e mara \q2 sitti himadheera; \q2 atille deebii naaf kenniteerta; \q2 seera keeti mara na barsiisi. \q1 \v 27 Ajaja keeti na hubachiisi; \q2 anille hujii teeti ta maade'ee \q2 itti deddeebi'ee hin yaada. \q1 \v 28 Lubbuun tiyya gaddaan dadhaddeerti; \q2 akka jecha keetiititti na jabeessi. \q1 \v 29 Karaa sobaa na irraa fageessi; \q2 badhaadha keetiin seera keeti na barsiisi. \q1 \v 30 Ani karaa dhuga'aa filadheera; \q2 seera keeti ifi dura keyadheera. \q1 \v 31 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani jaja keeti jabeessee qabadheera; \q2 na hin qaanessin. \q1 \v 32 Ati waan bilisa na baatteef, \q2 ani karaa ajaja keetii rukkisa. \s1 Daadimata Hubantii Dhaggatiisaaf Dhikaate \q1 \v 33 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 karaa seera keetii na barsiisi; \q2 anille yennaa mara hin hordofa. \q1 \v 34 Seera keeti akka ani eegadhu, \q2 gadhaa tokkochalle'een akka ani ajajamu, \q2 hubantii naa kenni. \q1 \v 35 Ani waan ittiin gammaduuf, \q2 daandii ajaja keetii irra akka deemu na godhi. \q1 \v 36 Bu'aa haqa hin te'in dhaggatiisa irraa, \q2 gadhaa kiyya gara ajaja keetii deebisi. \q1 \v 37 Ila tiyya waan bu'aa hin qanne irraa deebisi; \q2 karaa keeti irratti jiruu naa kenni. \q1 \v 38 Akka sodaatantuuf, \q2 Waadaa ana tajaajilaa keetiif galte muummessi. \q1 \v 39 Seerri keeti dansaa waan te'eef, \q2 qaanii ani sodaadhu na irraa fageessi. \q1 \v 40 Kunoo, ani ajaja keeti eegatiisaaf dharra'a; \q2 balchummaa teetiin jiruu naa kenni. \q1 \v 41 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 jaalalli keeti ka bara baraa \q2 gara kiyya dhufuu ti; \q2 akka waadaa keetiititti \q2 fayyisiis keetille gara kiyya dhufuu ti. \q1 \v 42 Achiin duuba ani \q2 jecha keetitti waan addadhuuf, \q2 worra na arrassuuf deebii hin kenna. \q1 \v 43 Ani seera keetitti addii waan godhadhuuf, \q2 jecha dhuga'aa keeti dubatiisa \q2 na hin dhooggin. \q1 \v 44 Ani yennaa mara, \q2 haga bara baraa seera keeti hin eegadha. \q1 \v 45 Ani ajaja keeti muummessiisa \q2 waan barbaaduuf, \q2 bilisaan hin ideema. \q1 \v 46 Ani ajaja keeti mootota duratti \q2 hin dubbadha; \q2 hin qaaneffadhu. \q1 \v 47 Ani ajaja keeti hin jaaladha; \q2 ittille hin gammada. \q1 \v 48 Ani harka kiyya gara ajaja keeti \q2 ka jaaladhuu ol hin kaasa; \q2 seerata keetille itti deddeebi'ee hin yaada. \q1 \v 49 Jecha keeti \q2 ka akka ani addi'iin eegadhu goote, \q2 ana tajaajilaa keetiif qaabadhu. \q1 \v 50 Waadaan keeti \q2 jiruu waan naa kenneef, \q2 rakkinna kiyya keessatti \q2 jajjabeenni kiyya kana. \q1 \v 51 Worri koorameeyyiin \q2 yennaa mara natti murgan; \q2 ani ammoo seera keeti irraa hin deebine. \q1 \v 52 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani seeraa keeti \q2 ka durii durii yennaa qabaadhu, \q2 ittiin hin jajjabaadha. \q1 \v 53 Worri hamaaleyyiin \q2 seera keeti waan lakkisaneef, \q2 aariin guddoon na qabatte. \q1 \v 54 Addee le'u maratti ajaji keeti faaruu tiyya. \q1 \v 55 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 halkan keessa maqaa keeti qaabadha; \q2 seera keetille hin eegadha. \q1 \v 56 Ani ajaja keeti eegadhe; \q2 tunille hujii tiyya teete. \s1 Seera Waaqaatiif Ajajamuu \b \q1 \v 57 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 jiruu tiyya keessatti ati qooda kiyya; \q2 ani jecha keeti eegatiisaaf waadaa galeera. \q1 \v 58 Fudhatama dhaggatiisaaf, \q2 gadhaa tokkochaan si daadimadha; \q2 akkuma waadaa keetiititti naa marari. \q1 \v 59 Ani yennaa karaa keeti yaadadhu, \q2 miila kiyya gara ajaja keetii deebifadha. \q1 \v 60 Ani ajaja keeti muummessiisaaf, \q2 hin ariifadha; hin turu. \q1 \v 61 Worri hamaan wodaroo natti marulle, \q2 ani seera keeti hin dedhu. \q1 \v 62 Muraa teeti balchitti'iif, \q2 si galateeffatiisaaf, \q2 ani halkan wodhakkaa hin ka'a. \q1 \v 63 Ani worra si sodaatu maraaf, \q2 worra ajaja keeti eegatu maraaf jaala. \q1 \v 64 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 latti jaalala keeti \q2 ka bara baraatiin guutanteerti; \q2 seera keeti na barsiisi. \q1 \v 65 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 akkuma jecha keetiititti, \q2 ati tajaajilaa keetiif waan dansaa gooteerta. \q1 \v 66 Ani ajaja keeti waan addadhuuf, \q2 beekkumsaa fi hubantii dansaa na barsiisi. \q1 \v 67 Adoo hin rakkatin dura, \q2 ani karaa keeti irraa goreera; \q2 amma ammoo jecha keeti hin eegadha. \q1 \v 68 Ati dansa'a; wonni ati gootulle dansa'a; \q2 seera keeti na barsiisi. \q1 \v 69 Worri koorameeyyiin \q2 dharaan maqaa na balleessanulle, \q2 ani ammoo gadhaa tokkochaan \q2 ajaja keeti hin eegadha. \q1 \v 70 Isaan mataa jabaatan; \q2 ani ammoo seera keetiin gammada. \q1 \v 71 Seera keeti akka baradhu, \q2 rakkatiisi kiyya dansa'a. \q1 \v 72 Worqi'ii fi meetii kuma hedduu caalaa, \q2 seera afaan keetii bayu naaf woyya. \s1 Haqa Seera Waaqaa \q1 \v 73 Harki keeti na huje; \q2 na mimmiidhasselle'e; \q2 akka ani ajaja keeti baradhu, \q2 qalbeeffata naaf kenni. \q1 \v 74 Ani jecha keetitti addii waan godhadheef, \q2 worri si sodaatu yennaa na dhaggu \q2 hin gammada. \q1 \v 75 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 muraan teeti dhugaa akka teete, \q2 ani hin beeka; \q2 ati addatamumma'aan na adadde. \q1 \v 76 Akkuma ana tajaajilaa keetiif waadaa galtetti, \q2 jaalalli keeti ka bara baraa \q2 na jajjabeessuu ti. \q1 \v 77 Seerri keeti waan na gammachiisuuf, \q2 akka le'uuf, \q2 marartiin teeti naaf dhuttuu ti. \q1 \v 78 Worri koorameeyyiin \q2 dharaan waan na himatanuuf, \q2 qaanowanuu ti. \q1 Ani ammoo ajaja keeti itti deddeebi'ee yaada. \q1 \v 79 Worri si sodaatuu, \q2 worri ajaja keeti beeku, \q2 gara kiyya deebi'uu ti. \q1 \v 80 Akka ani hin qaanonneef, \q2 gadhaan kiyya seera keetitti \q2 komii hin qabaatin. \q1 \v 81 Lubbuun tiyya \q2 fayyisiisa keeti dharra'iisaan gaggaddi; \q2 ani ammoo jecha keetitti addii godhadha. \q1 \v 82 Ilti tiyya dubbii teeti eegatiisaan dadhaddi; \q2 ani, «Yoom na jajjabeessita?» jedhee gaafadha. \q1 \v 83 Ani akka qalqalluu daadhii woyni'ii \q2 ka aara keessaa shuntuuradhulle, \q2 seera keeti hin dedhu. \q1 \v 84 Ani tajaajilaan keeti haga yoomii le'inna laati? \q2 Ati worra na miidhutti yoom murta? \q1 \v 85 Worri koorameeyyiin seera keetiif hin ajajanne, \q2 boolla naaf qotane. \q1 \v 86 Ajaji keeti martinuu addatama'a; \q2 namooti sababa malee waan na miidhanuuf, \q2 ati na qarqaar. \q1 \v 87 Isaan diqquma lafa irraa \q2 na hin balleessin hafane; \q2 ani ammoo ajaja keeti hin lakkinne. \q1 \v 88 Akka ani ajaja keeti eegadhu, \q2 jaalala keeti bara baraatiin, \q2 jiruu naa kenni. \q1 \v 89 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 jechi keeti haga bara baraa, \q2 ol-gubbaa keessatti jabaatee jiraata. \q1 \v 90 Addatamummaan teeti \q2 dhalootaa irraa haga dhaloota maraatitti \q2 hin jiraatti; \q2 ati lafa daddeerta; \q2 isiille jabaattee jiraatti. \q1 \v 91 Wonni martinuu tajaajiltoota teeti waan teeteef, \q2 ajaja keetiin haga adhaa jabaattee jiraatti. \q1 \v 92 Seerri keeti adoo na hin gammachiinne teete, \q2 rakkinna kiyyaan silaa ani badeeraayyu. \q1 \v 93 Ati seera keetiin jiruu waan naa kenniteef, \q2 ani ijjumaa seera keeti hin dedhu. \q1 \v 94 Ani seera keeti waan barbaaduuf, \q2 ani keeti; na hamburi. \q1 \v 95 Worri hamaaleyyiin na ijjeesiisaaf na gaadan; \q2 ani ammoo ajaja keeti itti deddeebi'ee yaada. \q1 \v 96 Wonni dhidhinna hin qanne marti \q2 meessaa akka qaddu dhaggeera; \q2 ajaji keeti ammoo meessaa hin qabu. \s1 Seera Waaqaa Jaalatiisa \q1 \v 97 Ani attam attam seera keeti jaaladha! \q2 Ani guyyaa guutuu itti deddeebi'ee isa yaada. \q1 \v 98 Ajaji keeti yennaa mara na woliin waan jiruuf, \q2 diinota kiyya caalaa qaroo na godha. \q1 \v 99 Ani seera keeti itti deddeebi'ee waan yaaduuf, \q2 barsiisota tiyya mara caalaa qarummaa qaba. \q1 \v 100 Ani seera keeti waan muummessuuf, \q2 maanguddoota caalaa hubantii qaba. \q1 \v 101 Ani jecha keeti eegatiisaaf, \q2 miila kiyya karaa hamaa mara irraa eegadheera. \q1 \v 102 Ati waan na barsiitteef, \q2 ani seera keeti irraa hin gorre. \q1 \v 103 Jechi keeti arraba kiyyatti attam attam mi'owa! \q2 Afaan kiyya keessatti damma caalaa mi'owa. \q1 \v 104 Ani seera keeti irraa hubantii dhaggadheera; \q2 tanaaf karaa dharaa mara hin jibba. \q1 \v 105 Jechi keeti miila kiyyaaf issa'a; \q2 daandii tiyyaafille ifa. \q1 \v 106 Seera keeti balchicha hordofiisaaf, \q2 kakadheera; ittille hin jabaadha. \q1 \v 107 Ani guddoo rakkadheera; \q2 ee Mootii Waan Maraa, akka jecha keetiititti \q2 jiruu naa kenni. \q1 \v 108 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 leellisa fedhii tiyyaan sii dhikeessu fudhadhu; \q2 seera keetille na barsiisi. \q1 \v 109 Lubbuun tiyya yennaa mara balaa bira jirti; \q2 ammoo ani seera keeti hin dedhu. \q1 \v 110 Worri hamaan tiyyoo naaf afe; \q2 ani ammoo seera keeti irraa hin gorre. \q1 \v 111 Seerri keeti haga bara baraa \q2 dhaala kiyya waan te'eef, \q2 gammadi gadhaa kiyyaa isa. \q1 \v 112 Ani haga du'utti, \q2 bara baraan seera keeti \q2 muummessiisaaf murteeffadheera. \q1 \v 113 Ani worra yaada lamaa jibbe; \q2 seera keeti ammoo jaaladhe. \q1 \v 114 Ati addee ani itti dhokadhu; \q2 wontee tiyyalle'e. \q2 Ani jecha keetitti addii godhadha. \q1 \v 115 Akka ani ajaja Waaqa kiyyaa eegadhu, \q2 isin worri waan hantuu hujjanu \q2 na irraa fagaadha'a. \q1 \v 116 Akka ani jiru'uun le'u, \q2 akka jecha waadaa keetiititti na jabeessi; \q2 addii tiyyaan ani hin qaanowin. \q1 \v 117 Akka ani bayu ati na qabi; \q2 ani yennaa mara seera keetitti xiyyeeffadha. \q1 \v 118 Malli soba isaanii bu'aa waan hin qanneef, \q2 ati worra seera keeti irraa goru mara \q2 hin fugussita. \q1 \v 119 Worra hamaa lafa irraa mara \q2 ati akka solloqqee sibiilaa hin gatta; \q2 tanaaf, ani seera keeti hin jaaladha. \q1 \v 120 Foon kiyya si sodaatee hollate; \q2 ani muraa teeti guddoo sodaadhe. \q1 \v 121 Ani waan dhuga'aatii fi haqaa hujeera; \q2 ati worra na cunqursuuf na hin lakkisin. \q1 \v 122 Ani tajaajilaan keeti \q2 waan dansaa akka dhaggadhu \q2 wobii naa te'i; \q2 worri koorameeyyiin \q2 akka na cunqursu hin lakkisin. \q1 \v 123 Fayyisiisa keetii fi waadaa keeti \q2 balchaa san eegatiisaan, \q2 ilti tiyya dadhadde. \q1 \v 124 Akka jaalala keeti ka bara baraatitti, \q2 ana tajaajilaa keeti qabadhu; \q2 seera keetille na barsiisi. \q1 \v 125 Ani tajaajilaa keeti; \q2 akka ani seera keeti beeku, \q2 hubantii naaf kenni. \q1 \v 126 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 kolbaan seera keeti waan cassiteef, \q2 yennaan ati waan tokko hujju amma. \q1 \v 127 Ani worqii caalaa, worqii qullittii caalaa, \q2 ajaja keeti jaaladha. \q1 \v 128 Tanaaf ajaji keeti martinuu, \q2 dhugaa akka te'e hin fudhadha; \q2 karaa dharaa mara jibba. \s1 Halchaa Seera Mootii Waan Maraatiif Ajajamiisaa \q1 \v 129 Seerri keeti maade'e; \q2 tanaaf lubbuun tiyya isaaf ajajanti. \q1 \v 130 Hiiki jecha keetii ifa kenna; \q2 worra wollaala'aaf hubantii kenna. \q1 \v 131 Ani ajaja keeti waan halcheef, \q2 afaan banee eegadha. \q1 \v 132 Akkuma worra maqaa keeti jaalatuuf gootu, \q2 gara kiyya deebi'iitii, \q2 naa marari. \q1 \v 133 Akka jecha keetiititti \q2 ideensa kiyya sooressi; \q2 cubbuun akka na mootu hin lakkisin. \q1 \v 134 Akka ani ajaja keeti eegadhu, \q2 cunqursaa namaa jalaa na wodi. \q1 \v 135 Ana tajaajilaa keetitti fuula ifi; \q2 seera keetille na barsiisi. \q1 \v 136 Seerri keeti waan hin eegaminiif, \q2 imimmaan ila tiyya keessaa \q2 akka bisaanii yaati. \q1 \v 137 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati balcha'a; \q2 muraan teetille dhuga'a. \q1 \v 138 Ati balchumma'aa fi \q2 addatamummaa guutu'uun, \q2 seera keeti baacheerta. \q1 \v 139 Diinoti kiyya jecha keeti waan dedhaneef, \q2 hinaaffaan tiyya na laalessite. \q1 \v 140 Jechi keeti guddoo qulqullicha; \q2 ani tajaajilaan keetille isa jaaladha. \q1 \v 141 Ani nama diqqaa tuffatama'a; \q2 te'ulle ajaja keeti hin deenne. \q2 \v 142 Balchummaan teeti \q2 balchummaa haga bara baraa ti; \q2 seerri keetille dhuga'a. \q1 \v 143 Rakkinnii fi farri na dhaqqabeera; \q2 ajaji keeti ammoo na gammachiisa. \q1 \v 144 Ajaji keeti haga bara baraa dhuga'a; \q2 akka ani jiru'uun le'u hubantii naaf kenni. \q1 \v 145 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani gadhaa tokkochaan gara keeti iyya. \q2 Ati deebii naaf kenni; \q2 anille seera keeti hin eegadha. \q1 \v 146 Ani gara keeti iyya; na baasi; \q2 anille seera keeti hin eegadha. \q1 \v 147 Ani adoo boruun hin dayya'in ka'ee, \q2 qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya; \q2 jecha keetitti addii godhadha. \q1 \v 148 Jecha keeti itti deddeebi'ee yaadiisaaf, \q2 ani halkan guutuu ila wolitti hin qabanne. \q1 \v 149 Akka marartii teetiititti \q2 qoonqoo tiyya dhage'i; \q2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 akka seera keetiititti \q2 lubbuu tiyya hamburi. \q1 \v 150 Worri mala hamaa baafatanee \q2 na miidhanu, \q2 natti dhikaataneeran; \q2 ammoo seera keeti irraa fagaataneeran. \q1 \v 151 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati dhikoo jirta; \q2 ajaji keeti marti dhuga'a. \q1 \v 152 Bara baraan akka jiraatuuf, \q2 akka ati seera keeti baache, \q2 yennaa dheertu'uun dura \q2 seera keeti irraa baradheera. \s1 Qarqaarsa Gaafatiisa \q1 \v 153 Ani seera keeti waan hin dedhiniif, \q2 ati rakkinna kiyya ilaaliitii na baasi. \q1 \v 154 Haajaa kiyya naaf falmiitii, na wodi. \q1 Akka waadaa keetiititti \q2 lubbuu tiyya hamburi. \q1 \v 155 Worri hamaan \q2 seera keeti waan hin barbaanneef, \q2 fayyinni isaan irraa fagaateera. \q1 \v 156 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 marartiin teeti guddo'o; \q2 akka seera keetiititti \q2 lubbuu tiyya hamburi. \q1 \v 157 Worri na miidhuu fi \q2 diinoti kiyya heddu'u; \q2 ani ammoo seera keeti irraa hin gorre. \q1 \v 158 Worri hin addatanne \q2 jecha keetii waan hin eeganneef, \q2 ani isaan ilaalee diqadhe. \q1 \v 159 Ajaja keeti attam akka ani jaaladhu ilaali; \q2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 akka marartii teetiititti, \q2 lubbuu tiyya hamburi. \q1 \v 160 Jechi keeti martinuu dhuga'a. \q2 Seerri keeti balchichi martinuu \q2 ka haga bara baraa ti. \s1 Seera Waaqaatiif Ajajamiisa \q1 \v 161 Qondaaltoti sababa malee na miidhan; \q2 ani ammoo gadhaa sodaatuun \q2 jecha keeti ulfeessa. \q1 \v 162 Akka nama boojuu guddoo dhaggatee, \q2 ani jecha keetitti gammada. \q1 \v 163 Ani dhara jibba; \q2 hin diqadhalle'e; \q2 seera keeti ammoo hin jaaladha. \q1 \v 164 Seera keeti balchaa saniif, \q2 guyya'atti yennaa torba ani si leellisa. \q1 \v 165 Worri seera keeti jaalatu \q2 nageya guddaa qaban; \q2 wonni isaan dande'ee gufachiisulle hin jiru. \q1 \v 166 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani addi'iin fayyisiisa keeti eegadha; \q2 ajaja keetille hin muummessa. \q1 \v 167 Lubbuun tiyya seera keeti hin eegatti; \q2 anille guddisee seera san jaaladha. \q1 \v 168 Hujiin tiyya martinuu \q2 si duratti ifa waan teeteef, \q2 ani ajaja keetii fi seera keeti hin eegadha. \s1 Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate \q1 \v 169 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 iyyi tiyya si bira geettuu ti; \q2 akka jecha keetiititti \q2 hubantii naaf kenni. \q1 \v 170 Gaaffiin tiyya si bira geettuu ti; \q2 akka waadaa keetiititti na baasi. \q1 \v 171 Ati seera keeti waan na barsiittuuf, \q2 afaan kiyya leellisa hin dhangalaasa. \q1 \v 172 Seerri keeti marti balchaa waan te'eef, \q2 arrabi kiyya \q2 marroo waadaa keetii faarsuu ti. \q1 \v 173 Ani ajaja keeti waan filadheef, \q2 harki keeti na qarqaariisaaf qophowuu ti. \q1 \v 174 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani fayyisiisa keeti halcha; \q2 seerri keetille gammada kiyya. \q1 \v 175 Akka si leellisuuf ani lubbuu jiraadhuu ti; \q2 seerri keeti na qarqaaruu ti. \q1 \v 176 Ani akka hoolee baddee \q2 karaa irraa goreera; \q2 ani seera keeti waan hin dedhiniif, \q2 ati ana tajaajilaa keeti barbaadi. \c 120 \s1 Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Faaruu Ittiin ol bayanu \q1 \v 1 Rakkinna kiyya keessatti \q2 ani gara Mootii Waan Maraa iyye; \q2 innille deebii naaf kenne. \q1 \v 2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 worra dhara dubbatuu fi \q2 soba dubbatu jalaa na baasi. \b \q1 \v 3 Ee isin worra dhara dubbatu, \q2 Waaqi maan isin godha laati? \q2 Inni attam isin adaba laati? \q1 \v 4 Daaya loltootaa ka qara qabuun, \q2 kashila ibiddaa \q2 ka muka dhaddachaatiin isin adaba. \q1 \v 5 Ana ka lafa worra Mesheekiititti galee, \q2 dunkaanii worra Qedaarii keessa le'uuf aanne'e! \q1 \v 6 Worra nageya jibbu san odduu, \q2 ani yennaa hedduu le'e. \q1 \v 7 Ani nama nageyaa ti; \q2 yennaa ani marroo nageyaa dubbadhu ammoo, \q2 isaan lolaaf ka'an. \c 121 \s1 Ka Nu Eegu Waaqa \s2 Faaruu Ittiin Ol bayanu \q1 \v 1 Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale; \q2 qarqaarsi kiyya eessaa dhufa? \q1 \v 2 Qarqaarsi kiyya ka ol-gubba'aa fi lafa dade, \q2 Mootii Waan Maraa biraa dhufa. \q1 \v 3 Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu; \q2 ka si eegu hin mugu. \q1 \v 4 Dhugumaan, ka Israa'el eegu \q2 hin mugu; hin rafulle'e. \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa si eega; \q2 Mootiin Waan Maraa gaaddisa keeti; \q2 inni midda keeti jira. \q1 \v 6 Guyyaa aduun, \q2 halkan jiin si hin miidhu. \b \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa \q2 Waan hantuu mara irraa si eega; \q2 inni jiruu teeti hin eega. \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti \q2 ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega. \c 122 \s1 Leellisa Yerusaalemii \s2 Faaruu Daawitii, Ta Ittiin ol bayanu \q1 \v 1 «Gara mana Mootii Waan Maraa dhandha!» \q2 yennaa isaan naan jedhane \q2 ani gammade. \q1 \v 2 Ee Yerusaalem, miilli keenna, \q2 karra teeti keessa dhaabbateera. \q1 \v 3 Yerusaalem qachaa wolitti hiiqee \q2 jabeeffamee ijaarameeru. \q1 \v 4 Akkuma ajaja Israa'eliif kennameetitti, \q2 achitti maqaa Mootii Waan Maraa leellisiisaaf, \q2 gosi Mootii Waan Maraa ol bayan. \q1 \v 5 Achitti moototi sanyii Daawitii kolbaa bulchiisaaf, \q2 barcumaa mootumma'aa dhaabbatane. \b \q1 \v 6 Nageya Yerusaalemiitiif daadimadha'a: \q2 «Worri isii jaalatu milkowuu ti. \q1 \v 7 Dalleya isi'ii keessa nageenni, \q2 mana mootumma'aa \q2 ta isi'ii keessa sarmiis jiraatuu ti» jedha'a. \q1 \v 8 Ani sababa firootaa fi jaalota kiyyaatiif, \q2 «Nageenni si keessa jiraatuu ti» hin jedha. \q1 \v 9 Sababa mana Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa keennaatiif, \q2 ani waan dansaa si'iif hin halcha. \c 123 \s1 Daadimata Marartii Dhaggatiisaaf Dhikaate \s2 Faaruu Ittiin Ol Bayanu \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa, \q2 ilti tiyya gara keeti, ol gubbaa \q2 ka barcumaan mootumma'aa keeti irra jiruu, \q2 ol ilaalti. \q1 \v 2 Akkuma ilti garbootaa \q2 gara harka goottaa ifii, \q2 ilti garbitti'ii \q2 gara harka giittii ifii ilaaltu, \q2 haga ati marartii nutti mudhittutti \q2 Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, \q2 ilti teennalle gara keeti ilaalti. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 waan akka malee tuffatanneef, \q2 nuu marari! Nuu Marari! \q1 \v 4 Murgoon worra qanani'ii, \q2 tuffiin worra koorameeyyi'ii \q2 akka malee nutti bacatteerti. \c 124 \s1 Waaqi Kolbaa Ifii Hin Eega \s2 Faaruu Daawitii, Ta Ittiin ol bayanu \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa \q2 nu woliin adoo jiraatuu dhabaatee, \q2 Israa'el, \q1 \v 2 «Yennaa diinoti keenna nu lolanu, \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 adoo nu woliin jiraatuu dhabaatee, \q2 \v 3 yennaa aariin isaanii \q2 nu irratti bobeette san, \q2 silaa adoo jirruu nu liqinsaniiyyu; \q2 \v 4 silaa bisaan nu haxowee dabaraayyu; \q2 lolaan nu irra garagalaayyu; \q2 \v 5 silaa bisaan hamaan \q2 nu irra yaa'aayyu» jettuu ti. \q1 \v 6 Ilkaan isaanii akka nu kukkutatu \q2 ka nu hin lakkisin, \q2 Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti. \q1 \v 7 Akka sinbirrooti \q2 tiyyoo worra adansuu jalaa baatu, \q2 nuutille tiyyoo isaanii jalaa baane; \q2 tiyyoon ciccitte; nuutille jalaa baane. \q1 \v 8 Maqaa Mootii Waan Maraa \q2 ol-gubba'aa fi lafa dadeen, \q2 nuuti qarqaarsa dhagganne. \c 125 \s1 Wobii Kolbaa Waaqaa \s2 Faaruu Ittiin Ol Bayanu \q1 \v 1 Worri Mootii Waan Maraatitti addatu \q2 akka gaara Xiyoonii, \q2 ka ijjumaa hin tachoone, \q2 ka haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti. \q1 \v 2 Akkuma gaaroti Yerusaalem marsaneeranu, \q2 ammaa jalqabee haga bara baraa, \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 kolbaa ifii hin marsa. \q1 \v 3 Worri hamaan \q2 lafa worra balchoole'ee hin bulchanu; \q2 yoo bulchane, \q2 kolbaan balchaan \q2 waan hantuu hujiisaaf harka diriirfatti. \q1 \v 4 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 worra dansaa te'eef, \q2 worra gadhaa ifii keessatti \q2 qajeelaa te'eefille dansaa godhi. \q1 \v 5 Ammoo, Mootiin Waan Maraa \q2 worra waan hantuu huju, \q2 worra karaa dabaalessa ifii gula deebi'e \q2 woliin hin gata. \b \q1 Nageenni Israa'eliif te'uu ti. \c 126 \s1 Faaruu Worra Boojuu Keessaa Deebi'ee \s2 Faaruu Ittiin Ol Bayanu \q1 \v 1 Yennaa Mootiin Waan Maraa \q2 boojuu keessaa gara Xiyoonii nu deebise, \q2 oojjuu nutti fakkaatte. \q1 \v 2 Afaan keenna kollaan, \q2 arrabi keenna ililleetti'iin guutame. \q1 Achiin duuba gosa biyya adda addaa oddu'utti, \q2 «Mootiin Waan Maraa \q2 waan guddoo isaaniif tolche» jedhante. \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa, \q2 waan guddoo nuuf godheera; \q2 nuutille gammanne. \q1 \v 4 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 Goomolee kibba Kana'aaniitiif\f + \fr 126:4 \fr*\fqa Kibba Kana'aanii: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin Negeb \fqa*\ft Jedha. \ft*\f* \q2 akkuma bisaan deebittu, \q2 akka dur jirrutti nu deebisi. \q1 \v 5 Worri imimmaan dhangalaasaa facaasane, \q2 ilillisaa haammatan. \q1 \v 6 Worri sanyii facaasiisaaf, \q2 ba'atanee bowaa deemanu, \q2 laddee ba'atanee ilillisaa hin deebi'an. \c 127 \s1 Leellisa Arjummaa Waaqaatiif Dhikaate \s2 Faaruu Solomoonii, Ta Ittiin Ol Bayanu \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa \q2 mana yoo hin ijaarin, \q2 worri mana ijaaru \q2 akkasumaan itti elowan; \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 qachaa yoo hin eegin, \q2 eeddoti qacha'aa akkasumaan elowan. \q1 \v 2 Mootiin Waan Maraa \q2 worra jaalatuuf foora waan kennuuf, \q2 bari'iin ka'iis, \q2 turanee rafiis, \q2 bu'aa hin qabu. \b \q1 \v 3 Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti; \q2 midhaan gadaamessaa, \q2 eebba isaa ti. \q1 \v 4 Ilmaan dargaggumma'aan uumatanu, \q2 akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti. \q1 \v 5 Nami ilmaan akka daayaa mana guutate \q2 gammaduu ti; \q2 diinota ifii woliin \q2 karra qacha'aa keessatti yennaa wol falme, \q2 inni hin qaanowu. \c 128 \s1 Gatii Nama Waaqaaf Ajajamuu \s2 Faaruu Ittiin Ol Bayanu \q1 \v 1 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti, \q2 ka karaa isaa ideemu ka gammade. \b \q1 \v 2 Waan harka keetiin eloottee \q2 dhaggatte hin nyaatta; \q2 ati hin gammadda; hin milkoottalle'e. \q1 \v 3 Niitiin teeti mana keeti keessatti, \q2 akka muka woyni'ii \q2 ka midhaan buusuu hin teeti; \q2 ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti, \q2 akka lattuu muka ejersaa hin teeti. \q1 \v 4 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu \q2 akkana hin eebbifama. \b \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa \q2 gaara Xiyoonii irraa si eebbisuu ti; \q2 bara jiruu teetii mara, \q2 qananummaa Yerusaalemii dhaggi. \q1 \v 6 Ijoollee ijoollee teetii dhaggi; \b \q1 Nageenni Israa'eliif te'uu ti. \c 129 \s1 Daadimata Diinota Xiyoonii Irratti Dhikaate \s2 Faaruu Ittiin Ol Bayanu \q1 \v 1 Kolbaan Israa'elii, \q2 «Dargaggummaa tiyyaa jalqabanee, \q2 diinoti guddoo na rakkisaneeran; \b \q1 \v 2 «Isaan dargaggummaa tiyyaa jalqabanee, \q2 guddoo na rakkisaneeran; \q2 te'uu malee na hin injifanne. \q1 \v 3 Akka nama fichaa qotuu \q2 dudda kiyya babbassanee, \q2 babadhisanee dudda kiyya madeessane. \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa ammoo balcha'a; \q2 inni wodaroo worra hama'aa \q2 na irraa kuteera» jettuu ti. \b \q1 \v 5 Worri Xiyoon jibbu martinuu qaanowanee, \q2 gara duubaa deebi'uu ti. \q1 \v 6 Akka marra mana irratti latee, \q2 adoo hin guddatin qooruu te'anuu ti; \q2 \v 7 marri sun qabaa harka nama isa haamuu, \q2 yookiin hanqafoo isaa hin guutu. \q1 \v 8 Worri achiin dabaru, \q2 «Eebbi Mootiin Waan Maraa isiniif te'uu ti! \q2 Nuuti maqaa Mootii Waan Maraatiin \q2 isin eebbinna!» isaaniin hin jedhin. \c 130 \s1 Faaruu Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaatte \s2 Faaruu Ittiin Ol Bayanu \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maan Maraa, \q2 ani qilee keessaa gara keeti iyya; \q1 \v 2 Ee Gootta'a, qoonqoo tiyya naaf dhage'i! \q2 Gurri keeti gara iyya tiyyaa caqasuu ti. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati adoo yakkaa namatti laakkottee, \q2 ee Gootta'a silaa eennutti \q2 si dura dhaabbatuu dande'a? \q1 \v 4 Ammoo akka nuuti si sodaannuuf, \q2 ati nu'uuf araaranta. \b \q1 \v 5 Ani Mootii Waan Maraa eegadha; \q2 Lubbuun tiyyalle hin eegatti; \q2 addi'iin jecha isaa eegadha. \q1 \v 6 Eeddota bari'iisa eegatanu caalaa, \q2 ee, eeddota bari'iisa eegatanu caalaa, \q2 lubbuun tiyya Goottaa eegatti. \b \q1 \v 7 Jaalalli bara baraa \q2 Mootii Waan Maraa bira waan jiruuf, \q2 wodiisaaf hunni guddoolle \q2 isa bira waan jirtuuf, \q2 ee Israa'el, Mootii Waan Maraatitti \q2 addii godhadhu. \q1 \v 8 Inni yakkaa isi'ii mara irraa \q2 Israa'el hin woda. \c 131 \s1 Gad Ifi Qabanee Waaqatti Addatiisa \s2 Faaruu Daawitii, Ta Ittiin Ol Bayanu \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 gadhaan kiyya hin kooru; \q2 mataa hin dhaabu; \q2 waan gugurdoo, \q2 yookiin waan baasaa hin huju. \q1 \v 2 Akka annuu harma irraa guutee \q2 haadha woliin jirtuu, \q2 ani lubbuu tiyya sarmisiisee cadhisiise; \q2 akka annuu harma irraa guutee, \q2 lubbuun tiyya na keessatti cadhitte. \q1 \v 3 Ee kolbaa Israa'elii, \q2 ammaa jalqabiitii haga bara baraatitti, \q2 Mootii Waan Maraatitti addii godhadhu. \c 132 \s1 Leellisa Galma Waaqaa \s2 Faaruu Ittiin Ol Bayanu \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 Daawitii fi farra inni dhagge qaabadhu. \q1 \v 2 Inni Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatee, \q1 Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif waadaa galee, \q1 \v 3-5 «Haga Mootii Waan Maraatiif \q2 addee qopheessutti, \q2 Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif \q2 haga mana ijaarutti, \q2 mana kiyya hin seenu; \q2 yookiin gara taqee tiyyaa hin dhaqu. \q1 Ani hin rafu; \q2 yookiin hin mugu» jedhe. \b \q1 \v 6 Nuuti Efraata'atti \q2 marroo Saanduqa Gondooro'oo dhageenne; \q2 diida Yaa'ariititti isii dhaggine. \q1 \v 7 Kowa'a, gara addee Mootiin Waan Maraa le'uu \q2 dhandhaa! \q2 Ejjeta miila isaa jalatti isaaf sagannaa. \b \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! \q2 Saanduqa Gondooro'oo \q2 ka hunna teeti mudhisu woliin, \q2 gara addee foora keetii dhaqi. \q1 \v 9 Hayyooti teeti balchummaa uffatanuu ti; \q2 Addatantooti teetille ilillisaa faarsanuu ti. \b \q1 \v 10 Tajaajilaa keeti Daawitiif jedhiitii, \q2 nama muudde hin lakkisin. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa \q2 kakuu dhuga'aa ta hin jijjiirane, \q2 Daawitiif kakatee, \q1 «Ilmaanuma sanyii teetii keessaa tokkocha, \q2 ani barcumaa mootumma'aa keeti irra \q2 hin teessisa. \q1 \v 12 Ilmaan teeti Gondooroo tiyya yoo eegatane, \q2 ajaja ani isaan barassiisu yoo eegatane, \q2 ilmaan isaaniille haga bara baraa \q2 barcumaa mootumma'aa keeti irra \q2 hin tee'an» jedheera. \b \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa \q2 Xiyoon waan filateef, \q2 qe'ee ifii godhatiisaaf fedheera: \q1 \v 14 Inni, «Tun haga bara baraa \q2 addee foora kiyyaa ti; \q2 ani waan isii jaaladheef, \q2 addee le'u isii hin godhadha. \q1 \v 15 Waan nyaataatiin \q2 baceessee isii hin eebbisa; \q2 hiyyeeyyii isi'ii \q2 sagalee hin quussa. \q1 \v 16 Hayyoota isi'ii \q2 fayyinna itti hin uffisa; \q2 addatantooti isi'iille \q2 ilillisaa hin faarsan. \q1 \v 17 Maatii Daawitii keessaa \q2 mootii hin muuda; \q2 ka muude saniif akka inni bulchu \q2 karaa hin qopheessa. \q1 \v 18 Diinota isaa qaanii itti hin uffisa; \q2 kallachi isa irraa ammoo \q2 hin balaqqisa» jedheera. \c 133 \s1 Jaalala Kolbaa Waaqaa \s2 Faaruu Daawitii Ta Ittiin Ol Bayanu \q1 \v 1 Kolbaan Waaqaa \q2 tokkumma'aan yennaa woliin leetu, \q2 attam attam dansa'a; \q2 attam attam nama gammachiisa! \q1 \v 2 Tokkummaan tun \q2 akka zayitii ejersaa ta gatii guddo'oo \q2 ta mataa irraa areeda irra gad yaatu, \q2 areeda Aaronii irra, \q2 haga handaara woyaa isaa gad yaatuu ti. \q1 \v 3 Tokkummaan tun \q2 akka fixeensa gaara Hermoonii, \q2 ka gaarota Xiyoonii irratti bu'uu ti; \q2 eebbi jiruu bara baraa \q2 achi irratti akka dhaggamu \q2 Mootiin Waan Maraa ajajeera. \c 134 \s1 Waaqa Leellisa'a \s2 Faaruu Ittiin Ol Bayanu \q1 \v 1 Isin tajaajiltooti Mootii Waan Maraa marti, \q2 worri halkan \q2 Galma Mootii Waan Maraa keessa tajaajiltanu, \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \q1 \v 2 Addee Woyyittii keessatti \q2 harka keessan ol kaasa'aa, \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \b \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa \q2 ol-gubba'aa fi lafa dade, \q2 Xiyoon keessaa isin eebbisu ti! \c 135 \s1 Faaruu Leellisaa \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \b \q1 Maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a; \q2 ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa, \q2 isa leellisa'a! \q1 \v 2 Isin worri \q2 mana Mootii Waan Maraa keessaa fi \q2 badhinna mana Waaqa keennaa \q2 keessa tajaajiltanu isa leellisa'a. \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa \q2 dansaa waan te'eef, \q2 isa leellisa'a! \q2 Maqaan isaa gammachiisaa waan te'eef, \q2 faaru'uun leellisa'a! \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa Yaaqoob ifiif, \q2 Israa'el qabeenna ifii \q2 ka addaa godhee filateera. \b \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa guddaa akka te'e, \q2 Goottaan keenna \q2 waaqota mara akka caalu ani hin beeka. \q1 \v 6 Ol-gubbaa keessaa fi lafa irratti, \q2 abbaaya'aa fi qilee isi'ii mara keessatti, \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 waan fedhe mara godha. \q1 \v 7 Inni duumensa qaccee lafaatii kaasee fida; \q2 bokkeya woliin balaqqeettii, \q2 mana kuusaa ifii keessaa qilleensa fida. \q1 \v 8 Inni angafa ilmaan namaatii fi hori'ii \q2 ka biyya Gibxi'ii fixe. \q1 \v 9 Ee biyya Gibxi'ii, inni si keessatti \q2 Fara'oonii fi tajaajiltoota isaa mara irratti, \q2 bilbaasaa fi waan maade'ee huje. \q1 \v 10 Inni gosa biyya adda addaa \q2 hedduu gad dhowee, \q2 mootota hunnaameyyii, \q2 \v 11 mootii Amoorotaa Sihoon, \q2 mootii biyya Baashaanii Oog, \q2 mootummoota Kana'aanii mara ijjeese. \q1 \v 12 Lafa isaaniille akka dhaalaatitti, \q2 kolbaa ifii Israa'eliif dhaala kenne. \b \q1 \v 13 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 maqaan keeti haga bara baraa jiraata; \q2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 dhaloota mara keessatti hin qaabatanta. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa \q2 kolbaa ifiitiif muraa hin kenna; \q2 tajaajiltoota ifiitiifille marartii hin qaba. \q1 \v 15 Waaqoti dharaa \q2 ka gosa biyya adda addaa worqi'ii fi meetii, \q2 harka namaatiin hujamane. \q1 \v 16 Isaan afaan qaban malee, hin dubbatanu; \q2 ila qaban malee, hin dhagganu. \q1 \v 17 Isaan gurra qaban malee, hin dhage'anu; \q2 afaan isaanii keessalle hafuurri hin jiru. \q1 \v 18 Worri isaan hujuu fi \q2 isaanitti dhugeeffatu martinuu, \q2 akkuma isaanii jiran. \b \q1 \v 19 Ee kolbaa Israa'elii, \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \q1 Ee hayyoota sanyii Aaronii, \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \q1 \v 20 Sanyii Lewwootaa, \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \q1 Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu, \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \q1 \v 21 Mootiin Waan Maraa \q2 ka Yerusaalem keessa le'u, \q2 Xiyoon keessatti leellifamuu ti! \b \q1 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 136 \s1 Faaruu Galataa \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa \q2 dansaa waan te'eef, \q2 isa galateeffadha'a; \q2 jaalalli isa ka bara baraa ti. \q1 \v 2 Waaqa waaqotaa galateeffadha'a; \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 3 Goottaa goottotaa galateeffadha'a; \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 4 Ka qofuu baasa guddaa huju, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 5 Ka qarummaa ifiitiin ol-gubbaa dade, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 6 Ka lafa bisaan gubbaa diriirse, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 7 Ka ifa gugurdaa huje, \q2 jaalalli isaa \q2 haga bara baraa jiraata. \q1 \v 8 Ka aduun guyyaa \q2 baallii akka qabaattu godhe, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q2 \v 9 Ka Ji'aa fi urjooti \q2 halkan akka baallii qabaatanu godhe, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \b \q1 \v 10 Ka angafoota ilmaan worra Gibxi'ii ijjeese, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 11 Ka Israa'eloota Gibxii keessaa baase, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 12 Ka hunna ifii guddo'oo fi \q2 jabeenna ifiitiin tana godhe, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 13 Ka abbaayaa diintuu gargar kute, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 14 Ka kolbaan Israa'elii \q2 odduu isi'ii akka dabartu godhe, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 15 Fara'oonii fi loltoota isaa ammoo \q2 abbaayaa diintuu keessatti ka fixe; \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \b \q1 \v 16 Ka goomolee keessa \q2 kolbaa ifii sooresse, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 17 Ka mootota gugurdoo ijjeese, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 18 Ka mootota hunnaameyyii ijjeese, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 19 Ka mootii worra Amoorotaa, \q2 Sihoon ijjeese, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 20 Ka mootii Baashaanii, Oog ijjeese, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 21 Ka lafa isaanii \q2 dhaala godhee Israa'elootaaf kenne, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 22 Israa'eloota \q2 tajaajiltoota ifiitiif ka dhaalchise, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \b \q1 \v 23 Ka injifatama keenna keessatti \q2 nu qaabate, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \b \q1 \v 24 Ka diinota keenna jalaa nu baase, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \q1 \v 25 Ka dada maraaf sagalee kennu, \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \b \q1 \v 26 Waaqa ol-gubba'aa galateeffadha'a; \q2 jaalalli isaa ka bara baraa ti. \c 137 \s1 Gadda Israa'elootaa Ka Boojuu Keessaa \q1 \v 1 Nuuti laga Baabilonii bira teennee, \q2 yennaa Xiyoon qaabanne boonne. \q1 \v 2 Muka olaati'ii irratti \q2 kiraarota keenna gugurdaa san fafanninne. \q1 \v 3 Worri booji'ee nu farrisiisu, \q2 achitti faaruu isaan gammachiittu \q2 akka faarsinu nu gaafatanee, \q2 «Faaruu marroo Xiyoonii keessaa \q2 takkattii faarsa'a» jedhane. \b \q1 \v 4 Lafa ormaa keessatti, \q2 nuuti attam faaruu Mootii Waan Maraa \q2 faarsuu dandeenna ree? \q1 \v 5 Ee Yerusaalem, yoo ani si dedhe, \q2 harki kiyya middichi \q2 ogummaa ifii dedhuu ti. \q1 \v 6 Yerusaalem, ani yoo si hin qaabatin, \q2 waan itti gammadu mara \q2 yoo si hin caalchisin, \q2 arrabi kiyya laagadaa kiyyatti goguu ti. \b \q1 \v 7 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 guyyaa Yerusaalem diigante, \q2 worri Edoomii, «Diiga'a! Diiga'a! \q2 Haga hundee isi'iititti gad jissa'a!» \q2 attam akka isaan jedhane qaabadhu. \b \q1 \v 8 Ee Baabilonii diigantu! \q2 Waan ati nu irratti goote, \q2 ka deebisee si irratti godhu ka gammade. \q1 \v 9 Ka daa'immaan teeti qabee, \q2 rassaa irratti macalaasu ka gammade. \c 138 \s1 Faaruu Galataa \s2 Faaruu Daawitii \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha; \q2 waaqota duratti ani faaru'uun si leellisa. \q1 \v 2 Ani gara Galma keeti woyyichaa \q2 fuula galee sagada; \q2 jaalala keeti ka bara baraatii fi \q2 addatamummaa keetiifille, \q2 maqaa keetii fi jecha keeti \q2 waan mara caalaa waan saaddeef, \q2 ani maqaa keeti leellisa. \q1 \v 3 Yennaa ani si waame, \q2 ati deebii naaf kennite; \q2 ati na jabeessitee, \q2 lubbuun tiyya hunna horatte. \b \q1 \v 4 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 jecha afaan keetii yennaa dhage'ane, \q2 moototi lafaa martinuu si leellisan. \q1 \v 5 Ulfinni Mootii Waan Maraa \q2 guddaa waan te'eef, \q2 isaan marroo karaa isaa hin faarfatan. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa ol aanaa te'ulle, \q2 inni worra gad aanaa hin ilaala; \q2 worra kooru ammoo fago'otti beeka. \b \q1 \v 7 Ani rakkinna keessa yoo ideemelle, \q2 ati jiruu tiyya hin eedda; \q2 ati harka keeti diriirsitee, \q2 mufii diinota kiyyaa mormita; \q2 harka keeti middichaan na hin baacha. \q1 \v 8 Mootii Waan Maraa, \q2 ati yaada keeti mara \q2 naaf hin muummessita; \q2 ee Mootii Waan Maraa, \q2 jaalalli keeti ka bara baraa ti; \q2 hujii harka keetii ati hin lakkisin. \c 139 \s1 Waaqa Waan Mara Beeku \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif. \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati qorqortee na beetteerta. \q1 \v 2 Ati teessoo tiyyaa fi ka'a tiyya hin beetta; \q2 yaada kiyya fago'ottuu hubatta. \q1 \v 3 Addee ani deemu fi itti foorfadhu \q2 hubattee beetta; \q2 ati hujii tiyya mara hin beetta. \q1 \v 4 Adoo dubbiin afaan kiyyaa hin bayin, \q2 ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati dubbii san maraayyuu hin beetta. \q1 \v 5 Ati duraa fi duuba kiyya \q2 harka keeti ana irra qaddeerta. \q1 \v 6 Beekkumsi akkasii akka malee naaf baasa; \q2 akka malee hubantii tiyyaan ol. \b \q1 \v 7 Ayyaana keeti duraa eessa deemuu dande'a? \q2 Fuula keeti duraa eessa baqatuu dande'a? \q1 \v 8 Gara ol-gubba'aa yoo ol baye, ati achi jiraata; \q2 addee worri du'e jiru keessa yoo irkadhelle, \q2 ati achi jirta. \q1 \v 9 Ani koola baasee akka dayya'a boru'uu ka'ee, \q2 gara seensuma adu'uutitti yoo qubadhe, \q2 \v 10 silaa achille'etti harki keeti na hin sooressa; \q2 harki keeti middichi jabeessee na qabaayyu. \q1 \v 11 Ani, «Dukkanti dhugumaan na hin golliti; \q2 ifi adaala kiyyaalle \q2 halkan hin te'a!» yoo jedhe, \q2 \v 12 dukkantinuu sitti hin dukkanoottu; \q2 si'iif dukkanti akka ifaa waan teeteef, \q2 halkan akka guyya'aa ifa. \b \q1 \v 13 Keessa namummaa tiyyaa ka dade si'i; \q2 gadaamessa haadha tiyyaa keessatti \q2 sittuu na dade. \q1 \v 14 Ani baasa maso'oo te'ee waan dadameef, \q2 ani si leellisa; \q2 hujiin teeti waan maade'ee ti; \q2 anille tana miidhassee beeka. \q1 \v 15 Ani yennaa addee dhossa'aatitti dadame, \q2 qilee gadaamessaa keessatti dadame; \q2 lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne. \q1 \v 16 Gadhaa haadha tiyyaa keessatti, \q2 adoo ani dhiigaatuu, \q2 ilti teeti na dhaggite; \q2 dhaladhee barri jiruu tiyyaa \q2 laakkowamiisa adoo hin jalqabin, \q2 guyyooti naaf yaadamane marti \q2 kitaaba keeti keessatti barreeffamane. \q1 \v 17 Ee Waaqa, yaadi keeti hubatiisaaf \q2 attam attam natti ulfaata! \q2 Guutumatti attam attam bacata! \q1 \v 18 Ani laakkowiisaaf yoo wodhaane, \q2 maansa caala hin bacata; \q2 ani yennaa dammaqu, \q2 ammalle sima woliin jira. \b \q1 \v 19 Ee Waaqa, nama hamaa adoo ijjeettee! \q2 Isin worri dhiiga namaa dhangalaasu \q2 na irraa fagaadha'a! \q1 \v 20 Isaan hammeennaan \q2 marroo teeti dubbatan; \q2 diinoti keeti akkasumaan \q2 maqaa keeti kaasan. \q1 \v 21 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani worra si jibbu hin jibba; \q2 worra si irratti ka'ulle ani hin diqadha. \q1 \v 22 Ani ijjumaa isaan jibba; \q2 isaan diinota natti te'aneeran. \b \q1 \v 23 Ee Waaqa, qorqoriitii gadhaa kiyya beeki; \q2 haga na ilaaliitii yaaddoo tiyya beeki. \q1 \v 24 Hammeenni yoo na keessa jiraate ilaali! \q2 Karaa bara baraa irra na sooressi. \c 140 \s1 Diinota jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 namoota hamaa jalaa na baasi; \q2 worra hunnaan nama irratti ka'u \q2 na irraa eegi. \q1 \v 2 Isaan waan hantuu \q2 qalbii ifii keessatti yaadan; \q2 yennaa mara lola kaasan. \q1 \v 3 Isaan arraba ifiitiin \q2 akka dhudhuufa'aa nama iddan; \q2 hidhii isaanii jala \q2 hadhaa buuti'iititti jira. \b \q1 \v 4 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 harka worra hama'aa irraa na eegi; \q2 worra hunnaan nama irratti ka'u, \q2 ka miila kiyya qaxafiisaaf \q2 mala dhowanu irraa na eegi. \q2 \v 5 Worri kooru fonxoroo naaf afe; \q2 isaan wodaroo caccoo ifii diriirsane; \q2 tiyyoo karaa irratti naaf keyane. \q1 \v 6 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani si'iin, «Ati Waaqa kiyya» jedha; \q2 ee Mootii Waan Maraa, \q2 iyya tiyya dhage'i. \q1 \v 7 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 Goottaa kiyya, jabaa na baachu; \q2 ati guyyaa lolaa mataa kiyya golliteerta. \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 fedhii nama hama'aa hin muummessiniif; \q2 mala dhowelle hin milkeessiniif. \q1 \v 9 Worra na marsee mataa togu, \q2 sababi afaan isaanii \q2 isaanuma irratti garagaluu ti. \q1 \v 10 Kashilli ibiddaa isaan irra bu'uu ti; \q2 ibiddatti yookiin, \q2 boolla deebi'anee keessaa hin baane, \q2 keessatti gatamanuu ti. \q1 \v 11 Nami maqaa namaa balleessu \q2 biyya keessatti hin qubatin! \q1 Ka hunnaan nama irratti ka'ulle \q2 wonni hantuun isa adansituu ti. \b \q1 \v 12 Mootiin Waan Maraa \q2 haajaa worra hiyyeeyyi'ii akka fixu, \q2 worra rakkata'aaf \q2 haqa akka muru ani hin beeka. \q1 \v 13 Dhugumaan worri balchooleen \q2 maqaa isaa hin leellisan; \q2 worri qajeelaan fuula isaa dura hin le'an. \c 141 \s1 Daadimata Cubbuu Akka Hin Hunyeef Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani si Waammadha; \q2 ati ariifadhuu na bira koy! \q1 Yennaa ani si waammadhu, \q2 qoonqoo tiyya dhage'i. \q1 \v 2 Daadimati kiyya \q2 si duratti akka hixaana aarfamuu, \q2 harka ol kaasuun kiyya \q2 akka ciincaa galgalaa te'uu ti. \b \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 afaan kiyyaaf eedduu, \q2 hidhii tiyyaaf tissee tolchi. \q1 \v 4 Hantuu hujiisaaf akka hin halchine, \q2 worra hantuu huju woliin \q2 qooda akka hin fudhanne na eegi; \q2 worra hantuu huju woliin \q2 sagalee isaanii dansaa \q2 akka nyaadhu na hin lakkisin. \b \q1 \v 5 Nami balchaan na dhaaniis naaf dansa'a; \q2 na xixiis isaalle akka dhadhaa mata'aa ti; \q2 mataan kiyya dhadhaa hin jibbu. \q1 Hujii worra hama'aa didiisaaf ammoo, \q2 ani yennaa mara daadimadha. \q1 \v 6 Bulchitooti isaanii \q2 yennaa bowwaa rassa'aatitti \q2 gad qolaanfamane, \q2 wonni ani dubbadhe \q2 dhugaa akka teete hin beekan. \q1 \v 7 Isaan, «Akkuma nami lafa qotee butuchu, \q2 lafeen teennalle \q2 addee worri du'e jirutti bittinnootte» \q2 hin jedhan. \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 Goottaa kiyya, \q2 ilti tiyya gara keeti ilaalti; \q2 ani gara keeti baqadha; \q2 akka ani du'u na hin lakkisin. \q1 \v 9 Fonxoroo isaan naaf afane irraa, \q2 tiyyoo worra hantuu hujuu irraa na eegi. \q1 \v 10 Ani nageyaan dabaree, \q2 worri hamaan \q2 tiyyoo ifumaaf afeen qabamuu ti. \c 142 \s1 Miidhaa Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate \s2 Wolaloo Daawitii, ta yennaa inni gadda keessa jiruu; Daadimata. \q1 \v 1 Ani qoonqoo ol qabadhee, \q2 gara Mootii Waan Maraa iyya; \q2 marartii dhaggatiisaaf \q2 Mootii Waan Maraa gaafadha. \q1 \v 2 Komii tiyya mara \q2 isa duratti dhangalaasa; \q2 rakkinna kiyyalle \q2 isa duratti himadha. \q1 \v 3 Yennaa ani addii kutatiisa geyeeru, \q2 gara ani ideemaaru ati hin beetta. \q1 Daandii ani irra ideemu keessa, \q2 isaan fonxoroo naaf dhossaneeran. \q1 \v 4 Adaala kiyya ilaalii dhaggi; \q2 nami naaf yaadatu hin jiru; \q2 addeen ani itti baqadhu hin jirtu; \q2 nami tokkolle haajaa kiyya hin qabu. \b \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani gara keeti iyya; \q2 ani, «Ati ka ani itti baqadhu; \q2 lafa worra jiraata'aa tana keessatti \q2 ati qooda kiyya» jedha. \q1 \v 6 Ani waan qarqaarsa hin qanneef, \q2 iyya tiyya naaf caqasi; \q2 worri na miidhu \q2 guddoo waan natti jabaataneef, \q2 ati isaan jalaa na baasi. \q1 \v 7 Maqaa keeti akka leellifadhu, \q2 hidhaa keessaa na baasi. \q1 Ati waan dansaa waan naa gooteef, \q2 worri balchaan na hin marsan. \c 143 \s1 Diinota Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 daadimata kiyya dhage'i; \q2 gurri keeti iyya tiyya caqasuu ti; \q2 addatamumma'aa fi balchummaa teetiin \q2 deebii naaf kenni. \q1 \v 2 Si duratti nami balchaan waan hin jirreef, \q2 ana tajaajilaa keeti mura'atti hin dhikeessin. \b \q1 \v 3 Diinni kiyya na ari'iisatti jira; \q2 lafatti na butuchee, \q2 akka worra bara dheera'aan dura du'ee, \q2 dukkana keessa akka tee'u na godhe. \q1 \v 4 Maarre ani addii kutatiisa geyeera; \q2 gadhaa kiyya keessatti sodaadheera. \b \q1 \v 5 Waan bara durii te'e hin qaabadha; \q2 waan ati goote mara \q2 itti deddeebi'ee hin yaada; \q2 waan harki keeti huje hin herrega. \q1 \v 6 Ani harka kiyya gara keeti badhisa; \q2 akka lafa goddee, \q2 lubbuun tiyya si dheebotti. \b \q1 \v 7 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani addii kutatiisa geyeera; \q2 ariifadhuu deebii naa kenni; \q2 yookiin ani akka worra \q2 gara boollaa gad bu'uu hin te'a; \q2 fuula keeti na duraa hin dhoffatin. \q1 \v 8 Ani waan si addadhuuf, \q2 ganama ganama bari'iin \q2 jaalala keeti ka bara baraa natti lallabi. \q1 Lubbuun tiyya gara keeti waan yaadduuf, \q2 karaa ani irra deemu'uu male na barsiisi. \b \q1 \v 9 Ani gara keeti waan baqadheef, \q2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 diinota kiyya jalaa na baasi. \q1 \v 10 Ati Waaqa kiyya waan teeteef, \q2 fedhii teeti akka muummessu na barsiisi. \q1 Ayyaanni keeti dansaan \q2 daandii qajeelaa irra na sooressuu ti. \b \q1 \v 11 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 maqaa keetiif jedhiitii, \q2 lubbuu tiyya jiraachisi; \q2 balchummaa teetiin \q2 rakkinna keessaa na baasi. \q1 \v 12 Jaalala keeti ka bara baraatiin, \q2 diinota kiyya fixi; \q2 ani tajaajilaa keeti waan te'eef, \q2 nyaaphota na rakkisu mara balleessi. \c 144 \s1 Daadimata Injifacha'aaf Dhikaatte \s2 Faaruu Daawitii \q1 \v 1 Rassaan kiyya, \q2 ka harka kiyya lolaaf, \q2 quba kiyya woraanaaf leenjisu, \q2 Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti. \q1 \v 2 Inni Waaqa kiyya ka nama jaalatu, \q2 kushee tiyya jadduu, \q2 dalleya dhaka'aa kiyyaa fi fayyisaa kiyya, \q2 wontee tiyya ta ani itti baqadhu, \q2 ka kolbaa tiyya hedduu \q2 na jalatti akka ajajantu godhu. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 akka ati isa kunuunsituuf, \q2 nami maan inni? \q2 Yookiin akka ati isaaf yaadattuuf, \q2 ilmi namaa maan inni? \q1 \v 4 Nami akka baafata hafuuraa tokkochaa ti; \q2 barri jiruu isaaniille \q2 akka gaaddisa dabaruu ti. \q1 \v 5 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ol-gubbaa dayyaasii gad bu'i; \q2 akka aarri keessaa bayu, \q2 gaarota tuqi. \q1 \v 6 Balaqqeettii balaqqisiitii \q2 diinota bittinneessi; \q2 daaya keeti darbadhuutii isaan ari'i. \q1 \v 7 Gubbaa irraa harka keeti gad diriirsi; \q2 bisaan guddaa keessaa, \q2 harka ormaatii na baasiitii na hamburi. \q1 \v 8 Afaan isaanii soba dubbata; \q2 harka middicha ol kaasanee \q2 dharaan kakatan. \b \q1 \v 9 Ee Waaqa, \q2 ani faaruu haareya si'iif hin faarsa; \q2 kiraara guddicha ribuu kudhan qabu \q2 dhowataa si faarfadha. \q1 \v 10 Ati moototaaf injifachaa kennita; \q2 tajaajilaa keeti Daawitille \q2 shallaagaa ijjeesu jalaa hin hamburta. \q1 \v 11 Na hamburi; \q2 harka worra ormaa keessaa na baasi; \q2 afaan isaanii soba dubbata; \q2 harka middicha ol kaasanee dharaan kakatan. \q1 \v 12 Ilmaan teenna dargaggummaa ifiitiin \q2 akka biqiltuu guddinna toltee, \q2 ijoolleen durraa teenna \q2 akka utubaa mana mootumma'aa seesiisaaf \q2 bocamee te'anuu ti. \q1 \v 13 Gootaraan keenna \q2 midhaan adda addaatiin guutamuu ti; \q2 hooloti teenna kumootaan, \q2 kumoota kudhaniin \q2 diida keenna keessatti hortuu ti. \q1 \v 14 Horiin keenna dodorrobuu ti; \q2 gadha'aa gatiisi, sadheessiisi hin jiraatin. \q1 Booji'amiis hin jiraatin; \q2 karaa keenna irratti \q2 iyyi gaddaa hin jiraatin. \b \q1 \v 15 Kolbaan eebbi akkasii te'eef gammadduu ti; \q2 kolbaan Mootiin Waan Maraa \q2 Waaqa isi'ii te'eef gammadduu ti. \c 145 \s1 Leellisa Waaqa Mootichaaf Dhikaate \s2 Faaruu Daawitii. \q1 \v 1 Ee Waaqa mootii kiyya, \q2 ani si hin saadadha; \q2 bara baraa haga bara baraa \q2 maqaa keeti hin leellifadha. \q1 \v 2 Guyyuma guyya'aan si hin leellisa; \q2 bara baraa haga bara baraa \q2 maqaa keeti hin saadadha. \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa gudda'a; \q2 guddoo leellifamuu male; \q2 guddinni isaa \q2 qorqoramee bira hin geyamu. \b \q1 \v 4 Dhalooti tokko hujii teeti \q2 dhaloota itti aanutti jaja; \q2 hujii teeti ta maade'ee hin lassa. \q1 \v 5 Isaan marroo ulfinna keeti arnya qabeessaa \q2 hin dubbatan; \q2 anille marroo hujii teeti ta baasaa \q2 itti deddeebi'ee hin yaadadha. \q1 \v 6 Isaan marroo hunna hujii teeti \q2 ta baasaa hin dubbatan; \q2 anille guddinna keeti hin odeessa. \q1 \v 7 Isaan marroo arjummaa teeti baca'aa \q2 hin jilifatan; \q2 Balchummaa teetiifille ililleetti'iin faarsan. \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa marara'a; arjaalle'e; \q2 aari'iif hin ariifattu; \q2 jaalalli isaalle gudda'a. \q1 \v 9 Mootiin Waan Maraa nama maraaf dansa'a; \q2 inni waan ifii dade mara hin marara. \b \q1 \v 10 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 wonni ati dadde marti si hin leellifatti; \q2 kolbaan teeti marti si hin saadatti. \q1 \v 11 Isaan marroo ulfinna mootummaa teetii, \q2 marroo hunna teetii hin dubbatan. \q1 \v 12 Akka kanaan namooti marti \q2 hujii teeti ta baasaatii fi \q2 mootummaa teeti \q1 arnya qabeettii ulfinnaa hin beekan. \q1 \v 13 Mootummaan teeti \q2 mootummaa bara baraa ti; \q2 ati haga bara baraa hin bulchita. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa \q2 worra jigaaru mara hin utuba; \q2 worra jigelle ol kaasa. \b \q1 \v 15 Ilti nama maraa gara keeti ilaalti; \q2 atille sagalee isaanii \q2 yennaa maltetti isaanii kennita. \q1 \v 16 Ati harka keeti diriirsitee, \q2 halchaa waan lubbuu qabu maraa \q2 hin quussita. \b \q1 \v 17 Mootiin Waan Maraa \q2 karaa hujii ifii maraan balcha'a; \q2 waan huju maraan addatama'a. \q1 \v 18 Mootiin Waan Maraa \q2 worra isa waammatu maraaf, \q2 worra dhuga'aan isa waammatu maraaf \q2 dhikoo jira. \q1 \v 19 Inni halchaa worra isa sodaatuu hin guuta; \q2 iyya isaaniille dhage'ee, \q2 isaan hin baasa. \q1 \v 20 Mootiin Waan Maraa \q2 worra isa jaalatu mara hin eega; \q2 worra hamaaleyyii ammoo hin balleessa. \b \q1 \v 21 Afaan kiyya \q2 leellisa Mootii Waan Maraa hin dubbata; \q2 ka foon uffate martille \q2 bara baraa haga bara baraa, \q2 maqaa isaa woyyicha hin leellisa. \c 146 \s1 Waaqa Fayyisaa Leellisuu \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \q2 Ee lubbuu tiyya \q2 Mootii Waan Maraa leellisi! \q1 \v 2 Ani bara le'ii tiyyaa mara \q2 Mootii Waan Maraa leellisa; \q2 haga jiru mara Waaqa kiyyaaf \q2 faaruu leellisaa hin faarfadha. \b \q1 \v 3 Worra isin baasuu hin dandeenne, \q2 qondaaltota ilmaan namaa \q2 itti hin addatina'a! \q1 \v 4 Isaan yennaa du'anu, \q2 gara biyye'ee deebi'an; \q2 guyyuma san karoorri isaanii hin bada. \b \q1 \v 5 Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te'e, \q2 ka Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa ifii addii godhatu gammaduu ti. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa, \q2 abbaaya'aa fi \q2 waan isaan keessa jiru mara dade; \q2 inni haga bara baraa \q2 addatamummaa ifii hin eegata. \q \v 7 Inni worra cunqurfameef \q2 haqaan mura; \q2 worra beeloteef sagalee kenna. \q1 Mootiin Waan Maraa \q2 worra hidhame bilisa baasee, \q2 \v 8 worra ballaa ila bana. \q1 Worra gad jedhe ol qaba; \q2 worra balchaa jaalata. \q1 \v 9 Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega; \q2 inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee fi \q2 haadhotii hiyyeessaa hin qarqaara; \q2 karaa worra hama'aa ammoo hin balleessa. \b \q1 \v 10 Ee Xiyoon, \q2 Waaqi keeti Mootiin Waan Maraa, \q2 dhalootaa haga dhalootaatitti, \q2 haga bara baraa hin bulcha. \b \q1 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 147 \s1 Leellisa Waaqa Waan Mara Dande'uuf Dhikaatu \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa leellisa'a; \q2 Waaqa keenna fuuru'uun leellisiis \q2 attam attam dansa'a! \q2 Isa leellisiis nama gammachiisa; \q2 dansaalle'e. \q1 \v 2 Mootiin Waan Maraa \q2 Yerusaalem deebisee hin ijaara; \q2 namoota Israa'elii \q2 ka bittinnowanelle deebisee hin fida. \q1 \v 3 Inni worra gaddaan \q2 gadhaan isaanii madaye hin fayyisa; \q2 madaa isaaniille hin hidha. \q1 \v 4 Inni laakkossa urjootaa haga beeka; \q2 mara isaaniituu maqaa isaaniitiin waama. \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa keenna gudda'a; \q2 akka malee hunna qaba; \q2 beekkumsi isaalle \q2 hagana hin jedhamu. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa \q2 worra gad ifi qabu ol hin qaba; \q2 worra hamaaleyyii ammoo \q2 lafatti jissa; \q1 \v 7 Faaruu galataa \q2 Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; \q2 kiraara guddichaan Waaqaaf faarsa'a. \q1 \v 8 Inni ol-gubbaa duumensaan golla; \q2 lafaaf rooba kenna; \q2 koobota irratti marri akka latu godha. \q1 \v 9 Inni hori'iif waan nyaatanu hin kenna; \q2 ilmooleen harraaqessaa yennaa iyyitu \q2 inni isaan hin soora. \q1 \v 10 Inni jabeenna fardaatiin, \q2 yookiin jabaanna rukkee miila namaatiin \q2 hin gammadu. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa worra isa sodaatu, \q2 jaalala isaa ka bara baraatitti \q2 addii godhatuun gammada. \b \q1 \v 12 Ee Yerusaalem, \q2 Mootii Waan Maraa leellifadhu; \q1 Ee Xiyoon, Waaqa keeti saadadhu. \q1 \v 13 Inni danqaraa karra teetii hin jabeessa; \q2 kolbaa si keessatti hin eebbisa. \q1 \v 14 Meessaa keeti nageya hin godha; \q2 qamadii dansa'aan si hin quussa. \b \q1 \v 15 Inni ajaja ifii gara lafaa hin erga; \q2 jechi isaa ariiti'iin hin muummowa. \q1 \v 16 Inni dhakaa roobaa \q2 akka fuutta'aa diriirsa; \q2 qorra akka daadha'aa facaasa. \q1 \v 17 Inni dhakaa roobaa \q2 akka katta'aa godhee gad buusa; \q2 qorra isaa \q2 eentu dura dhaabbatuu dande'a? \q1 \v 18 Inni jecha ifii hin erga; \q2 dhakaan roobaa sun hin baqa; \q2 qilleensi akka dhufu hin godha; \q2 dhakaan roobaa sunille \q2 bisaan te'ee yaa'a. \b \q1 \v 19 Inni jecha ifii sanyii Yaaqoobiititti \q2 seera ifiitii fi qajeelcha ifii \q2 Israa'elitti hin hima. \q1 \v 20 Inni gosa biyya dhibi'iitiif \q2 akkas hin goone; \q2 isaan seera isaa hin beekanu. \b \q1 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 148 \s1 Dadi Marti Waaqa Leellisanuu Ti \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \q2 Ol-gubbaa keessaa \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a; \q2 gubbaa olii keessatti isa leellisa'a. \q1 \v 2 Ergantooti isaa marti, \q2 loltooti isaa ta ol-gubba'aa marti isa leellisa'a. \b \q1 \v 3 Ji'aa fi aduun isa leellisa'a; \q2 isin urjooti ifa kennitanu marti isa leellisa'a. \q1 \v 4 Isin ol-gubbaan ol gubbootaa, \q2 isin bisaan ol-gubba'aalle isa leellisa'a. \b \q1 \v 5 Isaan ajaja isaatiin waan dadamaneef, \q2 maqaa Mootii Waan Maraa leellisanuu ti. \q1 \v 6 Inni haga bara baraa \q2 addee isaaniititti jabeessee isaan dhaabe; \q2 seera hin jijjiiranne isaanii kenne. \b \q1 \v 7 Bineensoti gugurdaan abbaayaa guddittii keessaa, \q2 qileen abbaayaa gudditti'ii martinuu, \q2 lafa irraa Mootii Waan Maraa leellisa'a! \q1 \v 8 Isin balaqqeetti'ii fi dhakaan roobaa, \q2 qorrii fi hurriin, \q2 hobonbolattiin ajaja isaa muummessitanu, \q1 \v 9 Gaarotii fi kooboti martinuu, \q2 mukooti midhaan buusuu fi \q2 birbirsooti martinuu, \q1 \v 10 bineensaa fi horiin martinuu, \q2 bineensoti lafa irra lootanuu fi \q2 koolaan kaatanu martinuu, \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \b \q1 \v 11 Moototi lafaatii fi \q2 gosi biyya adda addaa martinuu, \q2 qondaaltotii fi bulchitooti lafaa martinuu, \q2 \v 12 dargaggeeyyiin dhiiraatii fi durraa, \q2 jaarsole'ee fi ijoolleen, \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \b \q1 \v 13 Maqaan isaa callaan \q2 ka saadame waan te'eef, \q2 ulfinni isaa lafaa fi \q2 ol-gubbaa irra waan jiruuf, \q2 isaan maqaa Mootii Waan Maraa \q2 leellisanuu ti. \q1 \v 14 Kolbaan isaa Israa'elooti, \q2 worri isatti dhikaatanu, \q2 addatantooti isaa akka isa leellisanu, \q2 jabeenna isaaniif kenne. \b \q1 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 149 \s1 Faaruu Leellisaa \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa leellisa'a; \q2 faaruu haareya \q2 Mootii Waan Maraatiif faarsa'a! \q2 Wolde'a kolbaa isaa keessatti \q2 isa leellisa'a. \q1 \v 2 Israa'elooti, \q2 ka isaan dadeen firinxiixanuu ti; \q2 ijoolleen Xiyoonii, \q2 mootii ifiitiin gammadanuu ti. \q1 \v 3 Shubbisaa maqaa isaa faarsanuu ti; \q2 dibbe'ee fi kiraara guddichaan \q2 isaaf faarsanuu ti. \b \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa \q2 kolbaa ifiitiin waan gammaduuf, \q2 worra gad ifi qabu, \q2 akka injifatanu godhee ulfinna kennaaf. \q1 \v 5 Kolbaan isaa, \q2 ulfinna kanaan firinxiixanuu ti; \q2 taqee ifii irralle'etti, \q2 ililleetti'iin faarfatanuu ti. \q1 \v 6 Leellisi Waaqaa afaan isaanii keessa, \q2 shallaagaan qara lamaa, \q2 harka isaanii keessa jiraatuu ti. \q1 \v 7 Gosa biyya adda addaa haluu bayiisaaf, \q2 kolbaa hedduulle adabiisaaf, \q2 \v 8 mootota isaanii wodaroo sibiilaatiin, \q2 qondaaltota isaaniille, \q2 sibiila miilaan hidhanuun hidhiisaaf, \q2 \v 9 muraa barreeffanteertu, \q2 isaan irratti muunmmessiisaaf, \q2 tun kolbaa isaaf addatante maraaf ulfinna. \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a. \c 150 \s1 Mootii Waan Maraa Leellisa'a \q1 \v 1 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \b \q1 Addee Woyyittii isaa keessatti, \q2 Waaqa leellisa'a! \q2 Ol-gubbaa isaa hunnaamettii keessatti, \q2 isa leellisa'a! \q1 \v 2 Hujii jadduu inni godheef isa leellisa'a. \q2 Guddinna isaa, \q2 ka waan mara caaluuf isa leellisa'a. \b \q1 \v 3 Tultulla'aan isa leellisa'a. \q2 Kiraara guddichaa fi \q2 maseenqo'oon isa leellisa'a. \q1 \v 4 Dibbe'ee fi shubbisiisaan isa leellisa'a. \q2 Kiraaraa fi suusulle'een isa leellisa'a. \q1 \v 5 Sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, \q2 isa leellisa'a. \q2 Sibiila wolitti dhowamee, \q2 akka malee qilillisuun isa leellisa'a. \q1 \v 6 Wonni hafuura baafatu martinuu \q2 Mootii Waan Maraa leellisanuu ti! \b \q1 Mootii Waan Maraa leellisa'a!