\id PRO - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Fakkeennaa \toc1 Kitaaba Fakkeennaa \toc2 Kitaaba Fakkeennaa \toc3 Fak. \mt1 Kitaaba Fakkeennaa \imt Seensa \ip Kitaab fakkeennaa seera ittiin bulmaataatii fi barsiisa dhugeeffanna'aa ka haala jedhi'iitii fi fakkeennaatiin wolitti qabameeru. Hedduun isaanii waanuma nami guyyuma guyya'aan huju ifi keessaa qaban. Kitaab kun «Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa» ka jedhu yaadachiisiisaan jalqaba. Achiin duuba waan hamilee dhugeeffanna'aa qofa dubbatiisa adoo hin te'in, gara yaada wolii galaatii fi amala dansa'aalle hin dabara. Jedhiin kitaaba kanaa hedduun beekkumsa barsiisota Israa'elootaa ta durii durii marroo waan nami qaroon haala adda addaa keessatti hujuu mudhisan. Isaan kana keessaa gariin marroo firooma maati'ii, ka dhibiin marroo hujii dhibi'ii dubbatan. Gariin waan tokkummaa kolbaa keessaa, kuun barbaachisummaa ifi toowatiisaa dubbatan. Bacaan isaanii marroo gadhi-laafinnaa, marroo ossataa, marroo hiyyeeyyii kabajiisaatii fi marroo jaalotaaf addatamiisaa dubbatan. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Qarummaa Leellisiisa\ior 1:1—9:18\ior* \io1 Fakkeenna Solomoonii\ior 10:1—29:27\ior* \io1 Jechoota Aguurii\ior 30:1-33\ior* \io1 Jedhii adda addaa Hedduu\ior 31:1-31\ior* \c 1 \s1 Bu'aa Fakkeennaa \p \v 1 Fakkeenni Solomoonii ilma Daawitii, ka mootii Israa'elii ka asii gad jiranu: \q1 \v 2 Isaan kun namooti qarumma'aa fi \q2 qajeelfama dansaa akka fudhatanu, \q2 jechoota beekkumsa ifi keessaa qabanu, \q2 akka hubatanu, \q2 \v 3 balchumma'aa fi haqaan, \q2 waan dhugaa te'e godhiisaan, \q2 amala qarumma'aatiin \q2 qajeelfama akka fudhatanu, \q2 \v 4 worri beekkumsaan hin bilchaatin, \q2 hubantii akka qabaatanu, \q2 dargaggooti beekkumsaa fi, \q2 qalbii akka qabaatanu qarqaaran. \q1 \v 5 Worri qarooleen fakkeenna kana caqasanee, \q2 barumsa ifii itti ede'atanuu ti; \q2 worri hubantii qabanulle \q2 qajeelfama irraa fudhatanuu ti. \q1 \v 6 Akka kanaan isaan fakkeennaa fi mammaassa, \q2 hiikkaa jedhi'iitii fi \q2 hiibboo worra qaroole'eelle hin hubatan. \s1 Gorsa Dargaggeeyyi'iif Kenname \q1 \v 7 Qarummaan jalqabaa, \q2 Mootii Waan Maraa sodaatiisa; \q2 gowwooleen ammoo, \q2 qarumma'aa fi gorsa tuffatti. \q1 \v 8 Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage'i; \q2 barsiisa haadha teetiille hin lakkisin \q1 \v 9 Barsiisi isaanii, \q2 mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti; \q2 morma keetiifille, \q2 akka meya seesaaf diramee ti. \q1 \v 10 Ilma kiyya, \q2 cubbaaleyyiin yoo si hawadatte, \q2 tole hin jedhiniif. \q1 \v 11 Isaan yoo, «Nu woliin koy; \q2 dhiiga namaa dhangalaasiisaaf \q2 dhokannee gaadanna; \q2 nama yakkaa hin qanne, \q2 sababa malee miidhiisaaf kara'atti eeganna! \q1 \v 12 Akka addee worri du'e jiru, \q2 akka worra gara boolla awwaalaa gad bu'uu, \q2 adoo isaan jiru'uu fi fayya'aan jiranuu, \q2 kowaa isaan liqinsinaa ti! \q1 \v 13 Nuuti meya gatii guddo'oo \q2 ka gosa adda addaa hin dhagganna; \q2 mana keennalle \q2 waan saamanneen \q2 hin guutanna! \q1 \v 14 Koy nu woliin hirmaadhu; \q2 waan hannaan fudhanne \q2 woliin qoodanna» \q2 yoo si'iin jedhane, \q1 \v 15 Ilma kiyya, isaan woliin hin deemin; \q2 daandii isaanii irraa miila keeti eeggadhu. \q1 \v 16 Miilli isaanii gara cubbu'uu rukkisa; \q2 isaan dhiiga dhangalaasiisaaf ariifatan. \q1 \v 17 Adoo sinbirree dhaggituu \q2 fonxoroo itti afuun, \q2 bu'aa hin qaddu. \q1 \v 18 Namooti kun dhiiguma ifii \q2 dhangalaasiisaaf dhokatanee gaadan; \q2 isaan ifuma dhokatanee gaadan. \q1 \v 19 Muummeen worra joljoluu akkas jirti; \q2 joljolummaan isaan ijjeetti. \s1 Waamicha Qarumma'aa \q1 \v 20 Qarummaan woldeennaa \q2 kara'aa keessaa iyyitee waammatti; \q2 badhinna keessaa qoonqoo ol qabattee iyyiti. \q1 \v 21 Karaa namooti hogisanu keessaa iyyiti; \q2 seensuma qacha'aa keessaa dubbatti: \q1 \v 22 Isiin, «Isin worri gowwooleen, \q2 haga yoomii, \q2 gowwummaa teessan jaalattan? \q1 Isin worri murgaameyyiin, \q2 haga yoomii, \q2 murgoo teessanitti gammaddan? \q1 Isin worri gowwooleen, \q2 haga yoomii beekkumsa jibbitan? \q1 \v 23 Isin xixicha kiyya yoo dhageettane, \q2 ani silaa waan gadhaa kiyya keessa jiru, \q2 yaada kiyya akka beettanu hin godhaayyu. \q1 \v 24 Isin ammoo, \q2 yennaa ani waamu eega diddanee, \q2 yennaa ani harka kiyya diriirsu, \q2 eega itti hin xiyyeeffatinii, \q2 \v 25 isin gorsa kiyya mara tuffatanee, \q2 xixicha kiyyalle eega hin fudhatinii, \q2 \v 26 yennaa isin farra keessa jirtanu, \q2 anille isinitti hin kolla. \q1 Yennaa balaan isinitti bu'u \q2 ani isinitti hin murga. \q1 \v 27 Yennaa wonni hantuun, \q2 akka bubbee bokkeyaa isinitti dhuttu, \q2 yennaa balaan akka hobonbolatti'ii isin haxowu, \q2 yennaa dhippinnii fi rakkinni isin irra garagalu, \q2 ani isinitti murga. \q1 \v 28 Yennaa san isin na hin waantan; \q2 ani ammoo deebii isiniif hin kennu; \q1 Isin akka malee na barbaaddan, \q2 ammoo na hin dhaggitanu. \q1 \v 29 Isin beekkumsa Waan jibbitaneef, \q2 Mootii Waan Maraa sodaatiisa, \q2 waan hin filanneef, \q1 \v 30 Isin gorsa kiyya waan hin fudhatiniif, \q2 xixicha kiyya mara waan tuffataneef, \q2 \v 31 isin midhaanuma hujattane hin nyaattan; \q2 bu'aa mala nama irratti \q2 dhoottanee hin dhaggatan. \q1 \v 32 Worra beekkumsaan hin bilchaatin \q2 qarummaa irra fagaatiisatti ijjeesa; \q2 gowwooleelle rincica isaaniititti, \q2 isaan balleessa. \q1 \v 33 Worri na dhage'u ammoo, \q2 nageyaan le'a; \q2 waan hantuu adoo hin sodaatin, \q2 bidhaa malee jiraata» jetti. \c 2 \s1 Eebba Qarummaa Irraa Dhaggamu \q1 \v 1 Ilma kiyya, jecha kiyya yoo fudhatte, \q2 ajaja kiyyalle qalbii teeti keessatti yoo bulfatte, \q2 \v 2 gurra keeti gara qarumma'aa yoo qabatte, \q2 gadhaa keetille gara hubanti'ii yoo deebifatte, \q2 \v 3 beekkumsa guddaa yoo waammatte, \q2 hubanti'iif qoonqoo ol qabattee yoo iyyite, \q2 \v 4 akka meeti'ii yookiin akka qabeenna dhoffameeruu, \q2 qarummaa yoo barbaadde, \q2 \v 5 ati Mootii Waan Maraa sodaatiisa hin hubatta; \q2 beekkumsa Waaqa beekiisalle hin dhaggatta. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf, \q2 beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan. \q1 \v 7 Inni worra qajeela'aaf, qarummaa kenna; \q2 worra komii hin qanneefille, wontee isaaniif te'a. \q1 \v 8 Inni daandii haqaa hin toowata; \q2 karaa worra isaaf addatamuulle hin eega. \q1 \v 9 Achiin duuba ati balchumma'aa fi haqa, \q2 waan dhugaa te'ee fi daandii dansaa mara hin hubatta. \q1 \v 10 Qarummaan gara qalbii teetii waan dhuttuuf, \q2 beekkumsi si gammachiisa. \q1 \v 11 Qalbeeffatiis si hin eeddi; hubatiisille si hin toowatti. \q1 \v 12 Qarummaan karaa worra hama'aa irraa, \q2 worra dubbii micciiru irraa si hin dhooggiti; \q2 \v 13 worri akkasii kun karaa dukkanaa ideemiisaaf, \q2 daandii qajeelaa worra lakkisu; \q2 \v 14 waan hantuu godhiisatti worra gammadu; \q2 micciiramummaa hamaaleyyi'iititti \q2 worra firinxiixu; \q2 \v 15 karaan isaanii micciirama'a; \q2 ideensi isaaniille daddaba'a. \q1 \v 16 Qarummaan dubartii gaarayyeeffattuu, \q2 ta jechoota gammachiisuun nama qaxafattu \q2 jalaa si baachi. \q1 \v 17 Dubartiin tun dhirsa dargagumma'aan \q2 heerumte lakkittee, \q2 waadaa Waaqa duratti galte deeteerti. \q1 \v 18 Manni isi'ii gara du'aa, \q2 daandiin isi'ii gara ekera'aa geessa. \q1 \v 19 Worri gara isi'ii dhaqu hin deebi'u \q2 yookiin daandii jiru'uu hin dhaggatu. \q1 \v 20 Maarre ati karaa namoota dansa'aa \q2 hin ideenta; daandii balchootaa irraa \q2 akka hin gorre hin eegatta. \q1 \v 21 Worri qajeelaan lafa irra hin le'an; \q2 worri yakkaa hin qannelle \q2 isii keessatti hin hafan. \q1 \v 22 Worri hamaan ammoo lafa irraa hin bada; \q2 worri hin addatanne isii irraa hin buqqa'a. \c 3 \s1 Gorsa Dargaggootaaf Kenname \q1 \v 1 Ilma kiyya, waan ani si barsiisu hin dedhin; \q2 ajajoota kiyya gadha'atti qabadhu. \q1 \v 2 Isaan guyyoota sii ede'anee, \q2 woggoota hedduu si leesisan; \q2 qananumma'aa fi nageya sii kennan. \q1 \v 3 Mararti'ii fi addatamummaa ijjumaa hin lakkisin; \q2 morma keetitti hidhadhu; \q2 gadhaa keeti keessatti qabadhu. \q1 \v 4 Achiin duuba ati Waaqaa fi nama duratti \q2 fudhatamaa fi maqaa dansaa hin dhaggatta. \q1 \v 5 Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu; \q2 hubantii teetitti hin irkatin. \q1 \v 6 Karaa keeti maraan isa beeki; \q2 inni daandii teeti si'iif hin qajeelcha. \q1 \v 7 «Ani qaro'o!» ifiin hin jedhin; \q2 Mootii Waan Maraa sodaadhu; \q2 waan hantuu irraa fagaadhu. \q1 \v 8 Kun nafa keetiif fayyaa, \q2 lafee teetiifille jabeenna hin te'a. \q1 \v 9 Qabeenna keetiin, \q2 midhaan keeti mara keessaa mataa kenniisaan, \q2 Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenni. \q1 \v 10 Achiin duuba gootaraan keeti \q2 midhaaniin hin guutama; \q2 daadhiin teeti waabaa guutantee irra hin danbalaati. \p \v 11 Ilma kiyya, qajeelcha Mootii Waan Maraa hin tuffatin; \q2 xixicha isaalle hin jibbin. \q1 \v 12 Abbaan ilma itti gammadu akkuma qajeelchu, \q2 Mootiin Waan Maraalle nama jaalatu qajeelcha. \q1 \v 13 Nami qarummaa dhaggatu, \q2 ka hubantii qabu ka gammade. \q1 \v 14 Qarummaan meetii caalaa bu'aa qaddi; \q2 worqii caalaalle fayyaddi. \q1 \v 15 Qarummaan dooqa gatii guddo'oo caalaa gatii qaddi; \q2 waan ati halchitu keessaa ka isi'iin qixxawu hin jiru. \q1 \v 16 Harka isi'ii middicha keessa \q2 jiruu dheertu'utti jira; \q2 harka isi'ii bitaacha keessa \q2 durumma'aa fi ulfinnatti jira. \q1 \v 17 Karaan isi'ii karaa gammadaa ti; \q2 daandiin isi'ii daandii nageyaa ti. \q1 \v 18 Isiin worra jabeessee isii qabateef, \q2 muka jiru'uu ti; \q2 worri jabeessee isii qabate hin gammada. \q1 \v 19 Mootiin Waan Maraa qarummaa ifiitiin lafa dade; \q2 hubantii ifiitiin ol-gubbaa jabeessee dhaabe. \q1 \v 20 Beekkumsa isaatiin \q2 qileen abbaayotaa gargar dayyaate, \q2 duumensille tiifuu tiife. \p \v 21 Ilma kiyya, qarumma'aa fi qalbeeffata jabeessii qabadhu; \q2 isaan ila teeti duraa hin gorin. \q1 \v 22 Isaan si'iif jiruu, \q2 morma keetiifille seesa hin te'an. \q1 \v 23 Achiin duuba ati nageyaan \q2 karaa keeti hin deenta; \q2 miilli keetille hin gufatu. \q1 \v 24 Yennaa irkattu hin sodaattu; \q2 yennaa rattulle \q2 hirriibi keeti mi'owaa hin te'a. \q1 \v 25 Yennaa balaan \q2 dedhuma worra hamaa irra dhaqqabu, \q2 ati hin sodaattu. \q1 \v 26 Mootiin Waan Maraa addii waan sii te'uuf, \q2 miila keeti tiyyoo irraa hin eega. \q1 \v 27 Worra wonni dansaan malteef, \q2 waan dansaa godhiisaaf adoo dandeettuu, \q2 waan dansaan godhiisa hin lakkisin. \q1 \v 28 Adoo harkaa qadduu, «Boru sii kennaatii, \q2 deebi'ii koy!» namaan hin jedhin. \q1 \v 29 Nama si addatee si bira tee'u irratti \q2 waan hantuu hin yaadin. \q1 \v 30 Adoo nami si hin miidhin, \q2 akkasumaan nama hin himatin. \q1 \v 31 Nama hunnaan nama irratti ka'u hin halchin; \q2 karaa isaa tokkolle hin filatin. \q1 \v 32 Sababille Mootiin Waan Maraa \q2 nama micciiramaa jibba; \q2 nama qajeelaa ammoo guddoo jaalata. \q1 \v 33 Mootiin Waan Maraa \q2 mana worra hama'aa hin abaara; \q2 mana worra balcha'aa ammoo hin eebbisa. \q1 \v 34 Mootiin Waan Maraa worra murgutti hin murga; \q2 worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna. \q1 \v 35 Worri qarooleen ulfinna hin dhaggatan; \q2 worri gowwooleen ammoo hin salphatan. \c 4 \s1 Bu'aa Qarummaa Irraa Dhaggamu \q1 \v 1 Ilmaan tiyya, gorsa abbaa keessanii caqasa'a; \q2 itti xiyyeeffadha'aatii, \q2 hubantii dhaggadha'a. \q1 \v 2 Ani barsiisa kiyya dansaa isiniif kenna; \q2 maarre isin barsiisa kiyya hin lakkisina'a. \q1 \v 3 Yennaa ani mana abbaa kiyyaatitti mucaa diqqa'aa, \q2 haadha tiyyaaf ilma tokkochaa san, \q2 \v 4 abbaan kiyya na barsiisee, \q2 «Jecha kiyya mara \q2 gadhaa tokkochaan qabadhu; \q2 hin leetaa, \q2 ajaja kiyya eegadhu. \q1 \v 5 Qarummaa dhaggadhu; \q2 hubantii qabaadhu; \q2 jecha kiyya hin dedhin \q2 yookiin irraa hin deebi'in. \q1 \v 6 Qarummaan gollaa sii teetii, \q2 isii hin dedhin; \q2 si eeddiitii, \q2 isii jaaladhu. \q1 \v 7 Qarummaan waan mara caalti; \q2 tanaaf isii dhaggadhu. \q1 Waan ati qaddu mara si kaffalchiittulle, \q2 hubantii bitadhu. \q1 \v 8 Ulfinna isi'iif kenni; \q2 isiille ol si qaddi; \q2 isii hanqafadhu; \q2 isiille ulfinna si'iif hin kenniti. \q1 \v 9 Isiin daraaraa seesaaf wolitti hidhame, \q2 mataa keeti irra hin keetti; \q2 kallacha dansaa si'iif hin kenniti» jedhe. \q1 \v 10 Ilma kiyya caqasi; \q2 barri le'ii teetii akka heddatu, \q2 jecha kiyya fudhadhu. \q1 \v 11 Ani karaa qarumma'aa si barsiiseera; \q2 daandii qajeelaa irra \q2 si sooresseera. \q1 \v 12 Yennaa ideentu karaan sitti hin dhiphatu; \q2 yennaa rukkittulle hin gufattu. \q1 \v 13 Gorsa sii kenname jabeessii qabadhu; \q2 gad hin lakkisin; \q2 jiruu teeti waan te'eef, \q2 midhassii eegadhu. \q1 \v 14 Daandii worra hama'aa hin hordofin \q2 yookiin karaa worra hantuu hujuu irra hin deemin. \q1 \v 15 Karaa san irraa fagaadhu; \q2 irraa deebi'iitii, \q2 karaa keeti deemi. \q1 \v 16 Isaan haga waan hantuu godhanutti \q2 dande'anee hin rafanu; \q2 haga nama dokonkorsanutti \q2 foora hin qabanu. \q1 \v 17 Isaan sagalee hammeennaa nyaatan; \q2 daadhii woyni'ii \q2 ta hunnaan nama irratti ka'iisaa unan. \q1 \v 18 Daandiin balchoole'ee akka ifa barii ganamaa, \q2 ka haga orra'aatitti \q2 ifaatuma ideemuu ti. \q1 \v 19 Daandiin worra hama'aa ammoo \q2 akka dukkana dimmaa ti; \q2 isaan waan isaan gufachiisu hin beekanu. \q1 \v 20 Ilma kiyya waan ani jedhutti xiyyeeffadhu; \q2 jecha kiyya midhassii caqasi. \q1 \v 21 Isaan ila teeti duraa hin gorin; \q2 gadhaa keeti keessatti qabadhu. \q1 \v 22 Isaan worra isaan dhaggatuuf jiru'u; \q2 nafa isaanii maraaf fayyinna. \q1 \v 23 Maddi jiruu teetii qalbii waan teeteef, \q2 waan mara caalaa \q2 qalbii teeti eegadhu. \q1 \v 24 Dubbii micciiriisa afaan keeti irraa fageessi; \q2 dubbii malaamaltumma'aa irraa \q2 hidhii teeti eegadhu. \q1 \v 25 Ilti teeti gara fuula duraa \q2 qajeelaa ilaaltuu ti; \q2 ifiin dura qofa ilaali. \q1 \v 26 Daandii miilli keeti irra deemu, \q2 wol qixxeeffadhu. \q2 Karaan keeti dansaa te'uu ti. \q1 \v 27 Gara middaa yookiin gara bita'aa hin gorin; \q2 miila keeti waan hantuu irraa eegadhu. \c 5 \s1 Gaarayyeeffatiisa Irraa Fagaatiisa \q1 \v 1 Ilma kiyya, qarummaa tiyyatti xiyyeeffadhu; \q2 gara hubantii tiyyaa gurra keeti deebifadhu. \q1 \v 2 Yoo tana goote waan hantu'uu fi \q2 dansaa gargar hin baafatta; \q2 dubbiin teetille beekkumsa hin mudhitti. \q1 \v 3 Hidhiin dubartii gaarayyeeffattuu nadhii coccossiti; \q2 dubbiin isi'ii zayitii caalaa lallaatti; \q2 \v 4 dhuma irratti ammoo akka hargiisaa hadhootti; \q2 akka shallaagaa qara lamaa \q2 qara qaddi. \q1 \v 5 Miilli isi'ii gara du'aa deema; \q2 ijjati isi'ii daandii \q2 gara addee worri du'e jiru geessa. \q1 \v 6 Isiin karaa jiru'uu hin yaadattu; \q2 karaan isi'ii daddaba'a; \q2 ammoo isi'itti hin beekkamu. \q1 \v 7 Amma ilmaan tiyya, \q2 na caqasa'a; \q2 jecha afaan kiyyaa irraa hin gorina'a. \q1 \v 8 Karaa keeti isii irraa fageessi; \q2 qarqara balbala mana isi'iititti hin dhikaatin. \q1 \v 9 Yoo tana godhuu dhabaatte, \q2 ulfinna keeti namoota dhibi'iif, \q2 jiruu teetiille \q2 nama marartii hin qannetti hin kennita. \q1 \v 10 Karra teetille alagaan hin fudhata; \q2 eloon teetille mana ormaa hin duroonsiti. \q1 \v 11 Foon keetii fi nafi keeti yennaa dhumate, \q2 muummee jiruu teetiititti hin aadda; \q2 \v 12 ati, «Hayii, ani maaf gorsa jibbe? \q2 Gadhaan kiyya maaf qajeelfama tuffate? \q1 \v 13 Ani barsiisota tiyya hin caqanne; \q2 gurra kiyya gara worra na gorsuu hin deebifanne. \q1 \v 14 Wolde'a kolba'aa duudii keessatti, \q2 badii guddoo biraan baye» hin jetta. \q1 \v 15 Niitii teeti akkuma boolluma bisaanii keetii fi \q2 baleessuma keetii, achuma keessaa uni. \q1 \v 16 Maddi keeti diidatti, \q2 bisaan lagaa keeti \q2 karaa keessatti dhangala'uu qabaa ree? \q1 \v 17 Isaan si qofaaf te'anuu ti; \q2 alagaa woliin hin qoodamin. \q1 \v 18 Maddi keeti ka eebbifame te'uu ti; \q2 niitii teeti ta qeedhumma'aan fuute woliin firinxiixi. \q1 \v 19 Isiin jaalatantuu akka gadansaa, \q2 biifa qabeettii \q2 akka jiliba'aa \q2 sii teetuu ti. \q1 Harmi isi'ii yennaa mara \q2 dheebuu si baasuu ti; \q2 jaalala isi'iitiin \q2 yennaa mara machowi. \q1 \v 20 Ilma kiyya, \q2 maaf dubartii gaarayyeeffattu'uun machootta? \q2 Maaniif qoma dubartii nama dhibi'ii hanqafatta? \q1 \v 21 Hujiin namaa Mootiin Waan Maraa duratti ifa; \q2 inni daandii namaa mara dhagga. \q1 \v 22 Nami hamaan hujuma ifiitiin tiyyoo seena; \q2 cubbuma ifiitiin qabama. \q1 \v 23 Inni qajeelfama waan dhabeef du'a; \q2 gowwummaa guddoo ifiitiin \q2 karaa irraa miliqa. \c 6 \s1 Gowwummaa Irraa Ifi Eeggatiisa \q1 \v 1 Ilma kiyya, namaaf wobii yoo teete, \q2 marroo nama dhibi'iitiif \q2 harka wol dhowatiisaan \q2 waadaa yoo galte, \q2 \v 2 woma dubbatteen tiyyoo yoo seente, \q2 jechuma afaan keetii bayeen yoo qabante, \q2 \v 3 ilma kiyya, harka nama sanii waan seenteef, \q2 ifi baasiisaaf, \q2 gara nama sanii dhaqiitii, \q2 gad ifi qabi; \q2 akka inni wobummaa san si irraa buusuuf \q2 isa gaafadhu. \q1 \v 4 Adoo tana hin godhin hin rafin; \q2 hirriibi ila teeti irra hin marin. \q1 \v 5 Akka gadansi worra adansu jalaa, \q2 sinbirreen tiyyoo jalaa miliqanu, \q2 atille ifi baasi. \b \q1 \v 6 Ati namicha booseya, \q2 me dhaqiitii mixaa dhukkulle ilaali; \q2 mala isaa ilaaliitii qaroo te'i. \q1 \v 7 Isaan sooressa, \q2 toowataa yookiin bulchaa hin qabanu; \q2 \v 8 te'uu malee sagalee ifii ta bonaa, \q2 waan isaaniif barbaachisu \q2 yennaa midhaan galu keessa wolitti qabatan. \q1 \v 9 Ati namichi boosenni \q2 haga yoomii achi ratta? \q2 Ati yoom hirriibaa kaata? \q1 \v 10 Ati diqqoo adoo rattuu, \q2 diqqoo adoo mudduu, \q2 foorfatiisaafille \q2 diqqoo adoo harka wol irra naqattuu, \q2 \v 11 hiyyummaan akka saantu'uu, \q2 akka nama meya woraanaa hidhatee, \q2 sitti hin dhufa. \q1 \v 12 Nami gadhe'ee fi nami hamaan, \q2 ka dubbii micciiraa asii fi achi deemu, \q2 \v 13 ka ilaan qiphifatu, \q2 ka miilaan beessisa kennu, \q2 ka qubaan akeeku, \q2 \v 14 ka gadhaa ifii keessatti \q2 mala hamaa dhowu, \q2 yennaa mara lola kaasa. \q1 \v 15 Tanaaf balaan dedhuma isatti hin bu'a; \q2 yoosuma cabiisa hin fayyine caba. \q1 \v 16 Wonni jaa ta Mootiin Waan Maraa jibbu, \q2 torbeessoon ta inni dhiqatu jiran; \q2 \v 17 isaan kun ila tuffi'ii, \q2 arraba dharaa, \q2 harka dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasu, \q2 \v 18 gadhaa waan hantuu yaadu, \q2 miila gara waan hantu'uu fiigu, \q2 \v 19 nama dharaan nama irratti dhugaa bayu, \q2 ka obboleeyyan oddu'utti lola kakkaasu. \s1 Gaarayyeeffatiisa Irraa Ifi Eeggatiisa \q1 \v 20 Ilma kiyya, ajaja abbaa keetii eegadhu; \q2 barsiisa haadha teetiille hin lakkisin. \q1 \v 21 Yennaa mara gadhaa keeti keessa keyadhu; \q2 morma keetille'etti hidhadhu. \q1 \v 22 Isaan yennaa ati ideentu \q2 si sooressan; \q2 yennaa rattu si eegan; \q2 yennaa ati dammaxxu \q2 si'itti dubbatan. \q1 \v 23 Ajaji kun issa'a; \q2 barsiisi kunille ifa; \q2 qajeelfamaan sirreeffamiis \q2 karaa jiru'uu ti. \q1 \v 24 Dubartii hantuu irraa, \q2 arraba lallaafaa dubartii \q2 gaarayyeeffatitti'ii irraa si eega. \q1 \v 25 Gadhaa keeti keessatti \q2 dansummaa isi'ii hin halchin; \q2 ilti isi'ii si hin booji'in. \q1 \v 26 Gatiin dubartii sagaagaltitti'ii \q2 haga xaltaa daabbo'oo ti; \q2 dubartiin gaarayyeeffattuun ammoo \q2 gatii jiruu teetii si kaffalchiitti. \q1 \v 27 Nami ibidda boba'atti qabatee, \q2 woyaan isaa adoo hin gubatin \q2 hafuu dandeettu hin jiraa? \q1 \v 28 Yookiin nami kashila irra ijjatee, \q2 miilli isaa adoo hin gubatin \q2 hafuu dande'u hin jiraa? \q1 \v 29 Nami niitii namaa woliin rafulle akkasuma te'a; \q2 nami niitii namaa tuqee \q2 adoo hin adabamin hafu hin jiru. \q1 \v 30 Hattichi yennaa beelote, \q2 beela ifii bayiisa qofaaf yoo hate, \q2 nami isa hin tuffatu. \q1 \v 31 Yoo qabame ammoo, \q2 qabeenna inni qabu mara gaafattulle, \q2 dachaa torba godhee kaffalaa motii ree? \q1 \v 32 Nami gaarayyeeffatu ammoo qalbii hin qabu; \q2 nami gaarayyeeffatu marti ifi balleessa. \q1 \v 33 Inni mada'aa fi salphinna hin dhaggata; \q2 qaaniin ijjumaa isa irraa hin baddu. \q1 \v 34 Hinaaffaan abbaa manaa waan aarsituuf, \q2 inni yennaa haluu bayu \q2 marartii hin qabu. \q1 \v 35 Inni kaffaltii tokkolle hin fudhatu; \q2 haga fedhe bacatulle, \q2 kennansi aarii isaa hin qabbaneessu. \c 7 \q1 \v 1 Ilma kiyya, jecha kiyya eegadhu; \q2 ajaja kiyya gadhaa keeti keessatti qabadhu. \q1 \v 2 Akka leetuuf, \q2 ajaja kiyya eeggadhu; \q2 barsiisa kiyyalle \q2 akka gumaa ila teetii eeggadhu. \q1 \v 3 Akka qube'ee quba keetitti keyadhu; \q2 gadhaa keeti keessatti barreeffadhu. \q1 \v 4 Qarumma'aan, «Ati obboleettii tiyya» jedhi; \q2 hubantiille'een, «Ati fira kiyya» jedhii waami. \q1 \v 5 Isaan dubartii gaarayyeeffattuu, \q2 ta jechoota gammachiisuun \q2 nama qaxafattu irraa si eegan. \s1 Soba Dubartii Gaarayyeeffattu'uu \q1 \v 6 Gaafa tokko ani karaa foddaa \q2 mana kiyyaatiin ala ilaalee, \q2 \v 7 worra yaadaan hin bilchaatin keessaa, \q2 dargaggoota oddu'uu, \q2 dargaggeessa qalbii hin qanne tokko dhagge. \q1 \v 8 Inni karaa cinaa mana dubartii takkaa geessu gula, \q2 gara mana isi'ii ideemiisatti jiraayyu. \q1 \v 9 Yennaan sun aduun seentee, \q2 galgala dimimmisa \q2 halkan dukkana keessa. \q1 \v 10 Achiin duuba dubartittiin gad isatti baate; \q2 isiin akka sagaagaltu'uu uffattee \q2 nama dokonkorsiisaaf mala qaddiiyyu. \q1 \v 11 Isiin ta ila gad hin qabanne, \q2 mati-jabeetti'i; \q2 isiin ijjumaa mana hin teettu. \q1 \v 12 Takka karaa irra, \q2 takka woldeennaa kara'aa irra \q2 cinaa karaa maraa irra \q2 dhaabbattee eeggatti. \q1 \v 13 Isiin isa qaddee, \q2 sunqattee, fokkoo malee, isaan, \q1 \v 14 «Ani kennansa tokkumma'aa qaba; \q2 adha waan waadaa gale muummesseera. \q1 \v 15 Maarre ani si fudhatiisaaf gad baye; \q2 ani si dhaggiisaaf dharra'eeruun, \q2 kunoo si dhagge. \q1 \v 16 Ani woyaa quncee talba'aa \q2 ta biyya Gibxi'iititti seefantee hujante, \q2 taqee tiyya irra afeera. \q1 \v 17 Taqee tiyyatti fiqiree, qumbii, \q2 dakkaraa fi qurunfudii irraa hujante itti biifeera. \q1 \v 18 Koy, haga latti bariitutti \q2 jaalala keenna dheebuu baanaa ti; \q2 jaalalaan ifii gammachiinnaa ti. \q1 \v 19 Dhirsi kiyya mana hin jiru; \q2 inni fagoo deemeera. \q1 \v 20 Inni beesee guddoo \q2 fudhatee deemeera; \q2 haga ji'i goobanutti \q2 deebi'ee hin galu» jette. \q1 \v 21 Isiin jechoota gammachiisuun \q2 karaa irraa isa gorsite; \q2 dubbii damma dibiisaan \q2 isa dokonkorsite. \q1 \v 22 Yoosuma inni akka sangaa gara qalamu deemuu, \q2 akka gadansa \q2 gara fonxoro'oo deemuu, \q2 isii gula deeme. \q1 \v 23 Haga daayi tiruu isaa woraanutti, \q2 akka sinbirreen kaatee tiyyoo seentu, \q2 innille wonni kun \q2 lubbuu isaatitti akka dhuttu hin beenne. \p \v 24 Ammalle ilmaan tiyya, \q2 na caqasa'a; \q2 waan ani jedhulle \q2 itti xiyyeeffadha'a. \q1 \v 25 Gadhaan keessan gara karaa isi'ii hin deebi'in; \q2 daandii isi'ii gula ideentanee \q2 karaa irraa hin gorina'a. \q1 \v 26 Isiin namoota hedduu madeessitee jissiteerti; \q2 namoota bindillaalle ijjeetteerti; \q1 \v 27 Manni isi'ii karaa addee worri du'e jiru, \q2 ka gara awwaalaa gad geessu. \c 8 \s1 Waamicha Qarumma'aa \q1 \v 1 Qarummaan hin waantuu ree? \q2 Hubantiin qoonqoo ol hin qabattuu ree? \q1 \v 2 Isiin kooba karaa biraa gubbaa, \q2 addee qaxxaamura kara'aa dhaabbatti. \q1 \v 3 Karra gara qacha'aa seenanu biraa, \q2 addee seensuma qacha'aatii, \q2 qoonqoo ifii ol qabattee iyyaa, \q1 \v 4 «Ee namoota, ani isin waama; \q2 qoonqoo tiyya ol qabadhee \q2 ilmaan namaa mara waama. \q1 \v 5 Isin worri hin bilchaatin qarummaa qabaadha'a; \q2 isin worri gowwaan hubantii qabaadha'a. \q1 \v 6 Ani waan bu'aa qabu dubbataaraa caqasa'a; \q2 waan sirrii te'e dubbatiisaaf \q2 afaan kiyya saaqadha. \q1 \v 7 Afaan kiyya dhugaa dubbata; \q2 arrabi kiyya waan hantuu jibba. \q1 \v 8 Jechooti afaan kiyyaa marti haqa; \q2 isaan keessaa daddabaan \q2 yookiin micciiramaan hin jiru. \q1 \v 9 Worra hubantii qabuuf, \q2 marti isaaniituu ifa; \q2 worra beekkumsa qabuuf dokonkora hin qabu. \q1 \v 10 Meetii caalaa gorsa kiyya, \q2 worqii qulqulluu caalaalle beekkumsa filadha'a. \b \q1 \v 11 «Qarummaan dooqa diimaa waan caaltuuf, \q2 wonni ati halchitu marti isii woliin \q2 wol hin qixxoottu. \b \q1 \v 12 «Ani qarummaan, \q2 malaammessummaa woliin jiraadha; \q2 beekkumsii fi qalbeeffatiis kiyya. \q1 \v 13 Mootii Waan Maraa sodaatiis \q2 waan hantuu jibbiisa; \q2 ani kooraa fi bondhooriisa, \q2 karaa hama'aa fi dubbii micciirantuu jibba. \q1 \v 14 Gorsii fi muraan haqaa tiyya; \q2 ani hubanti'ii fi hunnalle hin qaba. \q1 \v 15 Moototi anaan mootii te'an; \q2 bulchitootille anaan seera haqaa baasan. \q1 \v 16 Bulchitooti, \q2 qondaaltoti biyya bulchanu martinuu \q2 anaan biyya bulchan. \q1 \v 17 Ani worra na jaalatu hin jaaladha; \q2 worri na barbaadatu na hin dhagga. \q1 \v 18 Durumma'aa fi ulfinni, \q2 qabeenni hin dabarree fi milkiin na bira jiran. \q1 \v 19 Midhaan kiyya \q2 worqii qulqulluu caala; \q2 kennansi kiyya meetii qullittii caala. \q1 \v 20 Ani karaa balchumma'aa irra, \q2 daandii haqaa irra ideema. \q1 \v 21 Worra na jaalatuuf \q2 qabeenna hin kenna; \q2 gootaraa isaaniille hin guuta. \b \q1 \v 22 «Mootiin Waan Maraa, \q2 hujii ifii ta durii durii san maraan dura, \q2 ana qarummaa dade. \q1 \v 23 Jalqaba bara durii durii, \q2 biyyi lafaa adoo hin dadamin ani muudame. \q1 \v 24 Yennaa abbaayaan gugurdoon hin jirre, \q2 yennaa maddi bisaaniituu hin jirre ani dhaladhe. \q1 \v 25 Gaarotaa fi kooboti adoo hin dadamin dura \q2 ani dhaladhe. \q1 \v 26 Waaqi lafa yookiin diida adoo hin dadin dura, \q2 yookiin biyyee biyya lafaa takkaalle adoo hin dadin \q2 ani dhaladhe. \q1 \v 27 Yennaa inni abbaaya'aan gubbaa ol-gubbaa diriirse, \q2 ani achi jiraayyu. \q1 \v 28 Yennaa inni gubbaa irratti duumensa dade, \q2 yennaa inni madda abbaaya'aa dade, \q2 \v 29 bisaan ajaja isaa irra akka hin dabarre, \q2 yennaa inni meessaa abbaayota gugurdo'oo tolche, \q2 yennaa inni meessaa hundee lafaa tolche, \q2 ani achi jiraayyu. \q1 \v 30 Ani yennaa san akka ogeessa guddichaa te'ee, \q2 isa woliin achi jiraayyu. \q2 Ani yennaa mara isa duratti gammadaa, \q2 guyyuma guyya'aan \q2 isa gammachiisaa tureeyyu. \q1 \v 31 Ani biyya lafaa ta isaa duudi'iin firinxiixaa, \q2 nama maraan gammadaa tureeyyu. \b \q1 \v 32 «Ammalle ilmaan tiyya, na caqasa'a; \q2 worri karaa kiyya eegatu ka gammade. \q1 \v 33 Gorsa kiyya caqasa'aatii, \q2 qaroo te'a'a; \q2 gorsa kiyya cadhittanee hin ilaalina'a. \q1 \v 34 Nami na caqasu, \q2 ka guyyuma guyya'aan \q2 balbala tiyya duratti dammaqee, \q2 karaa balbala tiyyaa duratti na eegatu \q2 ka gammade. \q1 \v 35 Nami na dhaggatu jiruu dhaggata; \q2 Mootii Waan Maraa biralle'etti \q2 fudhatama qabaata. \q1 \v 36 Nami na dhabu ifi miidha; \q2 nami na jibbu marti du'a jaalata» jetti. \c 9 \s1 Qarumma'aa Fi Gowwummaa \p \v 1 Qarummaan mana ifii ijaarratteerti; \q2 isiin utuboota mana ifii torba \q2 boccee dhaabbatteerti. \q1 \v 2 Isiin horii qaltee, \q2 daadhii woyni'ii naxxee, \q2 sagaleelle qopheessiteerti. \q1 \v 3 Qachaa keessa kooba irra dhaabbatanee, \q2 akka waamanuuf, \q2 isiin dubartoota tajaajiltoota ifii ergitee, \q1 \v 4 «Nami yaadaan hin bilchaatin marti \q2 as kowa'aa seena'a!» jetti; \q2 worra qalbii hin qannelle'een, \q1 \v 5 «Kowa'a, sagalee tiyya nyaadha'a; \q2 daadhii ani naqelle una'a. \q1 \v 6 Isin jiru'uun hin jiraattaniitii, \q2 karaa gowwumma'aa lakkisa'a; \q2 karaa hubanti'ii irra ideema'a» jetti. \q1 \v 7 Nami murgaamessa gorsu, \q2 arraba fudhata; \q2 nami nama hamaa xixu qaanii ifitti fida. \q1 \v 8 Nama murgaamessa yoo gorsite si hin jibba; \q2 nama qaroo yoo xixxe si hin jaalata. \q1 \v 9 Nama qaroo gorsi \q2 inni irra caalaa qaroo hin te'a; \q2 nama balchaa barsiisi, \q2 inni beekkumsa itti hin ede'ata. \p \v 10 Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa; \q2 Woyyicha san beekiisi hubantii dhaggatiisa. \q1 \v 11 Qarummaan bara jiruu teetii hin baceessiti; \q2 woggoota jiruu teetii itti sii edeeti. \q1 \v 12 Qaroo yoo teete, \q2 bu'aan isi'ii teetuma; \q2 ati yoo murgaamessa teete ifuma miita. \p \v 13 Dubartiin gowwittiin dubbattitti'i; \q2 isiin daalle'e; \q2 beekkumsa hin qaddu. \q1 \v 14 Isiin qachaa keessa kooba irra, \q2 balbala mana ifii dura barcumaa irra teetti. \q1 \v 15 Worra karaa san dabaru, \q2 ka qajeelee karaa ifii deemu waantee, \q1 \v 16 «Isin worri yaadaan hin bilchaatin, \q2 as gora'a» jetti; \q2 worra qalbii hin qannelle'een, \q1 \v 17 «Bisaan hannaa hin mi'owa; \q2 sagaleen dhokaataan nyaatanu, \q2 hin kurootti» jetti. \q1 \v 18 Isaan ammoo worri du'e akka achi jiru, \q2 worri isiin waantelle, \q2 qilee addee worri du'e jiruu keessa \q2 akka jiranu hin beekanu. \c 10 \s1 Fakkeenna Solomoonii \q1 \v 1 Fakkeenni Solomoonii \q2 ka asii gad jiru: \q2 ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa; \q2 ilmi gowwaan haadha ifii gaddisiisa. \q1 \v 2 Qabeenni karaa hin malleen dhaggame \q2 bu'aa hin qabu; \q2 balchummaan ammoo \q2 du'a jalaa nama baatti. \p \v 3 Mootiin Waan Maraa worri balchaan \q2 akka beelotanu hin godhu; \q2 worra hamaa ammoo waan halchane \q2 akka isaan hin dhagganne hin godha. \q1 \v 4 Harki boosenni nama hiyyoonsa; \q2 harki jabaatee huju ammoo nama duroonsa. \q1 \v 5 Worri yenna'aan midhaan galfatu qaro'o; \q2 worri yennaa midhaan galfatiisaa rafu ammoo \q2 hin salphata. \p \v 6 Eebbi mataa balchootaa irra jira; \q2 worri hunnaan nama irratti ka'u dubbii dansa'aan \q2 hunnaan nama irratti ka'iisa ifii gollatan. \q1 \v 7 Yaadannoon nama balcha'aa eebbaaf hin teeti; \q2 maqaan nama hama'aa ammoo hin dedhama. \q1 \v 8 Nami gadhaa ifii keessatti qaro'oo seera fudhata; \q2 nami gowwaan dubbattichi ammoo \q2 gara badi'ii deema. \q1 \v 9 Nami haqaan ideemu nageyaan le'a; \q2 nami karaa micciiramaa gula deemu ammoo \q2 hin saaxilama. \q1 \v 10 Nami ilaan qiphifatu rakkinna fida; \q2 nami gowwaan dubbattichi ammoo \q2 gara badi'ii deema. \q1 \v 11 Afaan nama balcha'aa madda jiru'uu ti; \q2 worri hunnaan nama irratti ka'u ammoo \q2 dubbii dansa'aan \q2 hunnaan nama irratti ka'iisa ifii gollatan. \q1 \v 12 Jibbi lola kaasa; \q2 jaalalli ammoo yakkaa mara golla. \q1 \v 13 Qarummaan afaan qaroole'ee irra jirti; \q2 adabbiin ammoo dudda \q2 gowwoole'ee irra jirti. \p \v 14 Qarooleen beekkumsa tuulatti; \q2 dubbiin gowwa'aa ammoo badii fiddi. \q1 \v 15 Qabeenni dureeyyi'iif qachaa dalleya dhaka'aa qabu; \q2 hiyyummaan ammoo badii hiyyeeyyi'ii ti. \q1 \v 16 Gatiin eloo balcha'aa jiru'u; \q2 bu'aan nama hama'aa adabbi'i. \q1 \v 17 Nami gorsa fudhatu karaa jiru'uu namatti mudhisa; \q2 nami xixicha tuffatu ammoo \q2 karaa irraa nama milissa. \q1 \v 18 Nami jibba ifii dhoffatu dharaamessa; \q2 nami hamii odeessu gowwa'a. \q1 \v 19 Jechoota bacaa keessaa, \q2 cubbuun hin dhabantu; \q2 nami arraba ifii eegatu ammoo qaro'o. \q1 \v 20 Dubbiin nama balcha'aa akka meetii qullu'uu ti; \q2 yaadi nama hama'aa ammoo gatii hin qabu. \q1 \v 21 Afaan nama balcha'aa nama hedduu areera; \q2 worri gowwaan ammoo \q2 qalbii dhabiisaan du'a. \q1 \v 22 Eebbi Mootii Waan Maraa durummaa kenna; \q2 inni rakkinna isi'itti hin dabalu. \q1 \v 23 Nami gowwaan waan hantuu hujiisatti gammada; \q2 nami hubantii qabu ammoo \q2 qarumma'atti gammada. \q1 \v 24 Nama hamaa waan inni guddoo sodaatutti itti dhufa; \q2 nama balchaa ammoo \q2 waan inni guddoo halchutti isaaf kennama. \q1 \v 25 Hobonbolattiin yennaa kaatu, \q2 worra hamaa haxoottee dabarti; \q2 worri balchaan ammoo \q2 haga bara baraa \q2 jabaatee dhaabbata. \q1 \v 26 Wonni dhangaggowu ilkaan, \q2 aarrille ila akkuma rakkisu, \q2 nami booseyille \q2 nama isa ergatu rakkisa. \q1 \v 27 Mootii Waan Maraa sodaatiis jiruu dheeressa; \q2 woggaan nama hama'aa ammoo gabaaddu'u. \q1 \v 28 Addiin worra balcha'aa gammada; \q2 addiin worra hama'aa bu'aa hin qaddu. \q1 \v 29 Karaan Mootii Waan Maraa \q2 worra balcha'aaf gollaa jaddu'u; \q2 worra hantuu hujuuf ammoo badi'i. \q1 \v 30 Worri balchaan ijjumaa hin munyuuqu; \q2 worri hamaan ammoo lafa irratti hin hafu. \q1 \v 31 Afaan worra balcha'aa qarummaa dubbata; \q2 arrabi dubbii micciiru ammoo hin murama. \q1 \v 32 Afaan worra balcha'aa dubbii toltu beeka; \q2 afaan worra hama'aa ammoo micciiriisa qofa beeka. \c 11 \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa madaala sobaa jibba; \q2 dhakaa madaalaa ka sirrii te'etti gammada. \q1 \v 2 Koorri yennaa dhufu, \q2 salphinni hin dhufa; \q2 gad ifi qabiisaan ammoo qarummaan dhutti. \q1 \v 3 Worri qajeelaan komii dhabiisaan qajeelfaman; \q2 worri hin addatanne ammoo \q2 maltumma'aan badan. \q1 \v 4 Guyyaa mura'aa durummaan bu'aa hin qaddu; \q2 balchummaan ammoo du'a irraa si hamburti. \q1 \v 5 Worra komii hin qanne \q2 balachummaan karaa isaanii qajeelchiti; \q2 worri hamaan ammoo \q2 hammeennuma ifiitiin jiga. \q1 \v 6 Nama qajeelaa \q2 balchumma'atti isa baasa; \q2 worri hin addatanne ammoo \q2 halchuma ifii hantu'uun qabaman. \q1 \v 7 Nami hamaan yennaa du'u, \q2 addiin isaalle hin baddi; \q2 durummaan inni addatu \q2 womaa isaaf hin baatu. \q1 \v 8 Nami balchaan rakkoo jalaa hin baya; \q2 nami hamaan ammoo \q2 addee isaa rakkinnatti hin gala. \q1 \v 9 Nami hamaan dubbii afaan ifiitiin nama balleessa; \q2 nami balchaan beekkumsa ifiitiin baya. \q1 \v 10 Worra balcha'aaf yennaa milkoottu, \q2 kolbaan qacha'aa hin firinxiixi. \q1 Worri hamaan yennaa badu, \q2 isaan hin ilillisan. \q1 \v 11 Eebba worra balcha'aatiin qachaan tokko guddata; \q2 dubbii afaan worra hama'aatiin ammoo hin bada. \q1 \v 12 Nami qalbii hin qanne nama tuffata; \q2 nami qalbii qabu ammoo cadhi jedha. \q1 \v 13 Nami hamatu dhossaa eegee hin dande'u; \q2 nami addatamaan ammoo dhossaa eega. \q1 \v 14 Gorsitooti yoo hin jiraatin \q2 mootummaan takka hin jiddi; \q2 gorsitooti hedduun yoo jiraatte ammoo \q2 nageyaan jiraatti. \q1 \v 15 Nami alaga'aaf wobii te'u hin rakkata; \q2 nami wobii te'iisa jibbu ammoo \q2 nageyaan hin jiraata. \q1 \v 16 Dubartiin arjaan ulfinna hin dhaggatti; \q2 worri hunnaan nama irratti ka'u ammoo \q2 durummaa qofa dhaggata. \q1 \v 17 Gadhi-laafessi \q2 ifumaaf bu'aa dhaggatta; \q2 gadhi-jabeessi ammoo \q2 ifuma miidha. \q1 \v 18 Nami hamaan bu'aa isa sobu dhaggata; \q2 nami balchumma'aan huju ammoo \q2 gatii addachiittuu dhaggata. \q1 \v 19 Nami dhugumaan balchaa te'e jiru'uun hin le'a; \q2 nami waan hantuu ari'u ammoo hin du'a. \q1 \v 20 Mootiin Waan Maraa \q2 worra yaada micciirama'aa jibba; \q2 worra komii hin qannetti ammoo \q2 hin gammada. \q1 \v 21 Dhugumaan nami hamaan \q2 adoo hin adabamin hin hafu; \q2 worri balchaan ammoo \q2 adabbii jalaa hin baya. \q1 \v 22 Dubartiin shaggittiin qalbii hin qanne, \q2 akka qubee worqi'ii \q2 ta funnaan booyye'ee irra jirtuu ti. \q1 \v 23 Halchaan nama balcha'aa \q2 waan dansaa qofaan muummotti; \q2 halchaan nama hama'aa ammoo \q2 mufi'iin muummotti. \q1 \v 24 Nami gariin toluma karra ifii namaaf kenna; \q2 ammoo irra caalaa duroomaa deema; \q2 nami gariin akka malee donnooma; \q2 ammoo hiyyoommataatuma deema. \q1 \v 25 Nami arjaan hin durooma; \q2 nami dheebuu nama baasulle \q2 ifille'eef dheebuu hin baya. \q1 \v 26 Nama midhaan kuufatee tursu \q2 kolbaan hin abaarti; \q2 nami midhaan baasee \q2 gurguratu ammoo \q2 eebba dhaggata. \q1 \v 27 Nami waan dansaa jabaatee barbaadu, \q2 waan dansaa dhaggata; \q2 nami waan hantuu barbaadu ammoo \q2 waan hantuu dhaggatta. \q1 \v 28 Nami durummaa ifiititti addatu hin jiga; \q2 nami balchaan ammoo \q2 akka baala jiidha'aa hin bisila. \q1 \v 29 Nami maatii ifii rakkisu, \q2 harka duwwaa hin hafa; \q2 gowwaan tajaajilaa qaro'oo hin te'a. \q1 \v 30 Hujiin nama balcha'aa \q2 muka jiru'uu ti; \q2 nami barsiisee lubbuu namaa deebisu qaro'o. \q1 \v 31 Worri balchaan lafa irratti \q2 gatii hujii ifii akkuma dhaggatanu, \q2 worri Waaqa malee le'uu fi \q2 worri cubbaaleyyiille lafa irratti akkasuma \q2 gatii hujii ifii hin dhaggatan. \c 12 \q1 \v 1 Nami qajeelfama jaalatu, \q2 beekkumsa jaalatta; \q2 nami xixicha jibbu ammoo gowwa'a. \q1 \v 2 Nami dansaan Mootii Waan Maraa biratti \q2 fudhatama hin dhaggata; \q2 worra yaada hama'aa ammoo \q2 Mootiin Waan Maraa itti hin mura. \q1 \v 3 Nami karaa hama'aan jabaatee dhaabbatuu hin dande'u; \q2 balchaan ammoo adde'ee hin tacho'u. \q1 \v 4 Niitiin qalbeeffattuun dhirsa ifiitiif akka kallachaa ti; \q2 ta isa qaanessitu ammoo \q2 akka dhukkuba lafee nyaatuu ti. \q1 \v 5 Yaadi worra balcha'aa yaada haqaa ti; \q2 gorsi worra hama'aa ammoo nama soba. \q1 \v 6 Jechi nama hama'aa dhiiga dhangalaasiisa; \q2 jechi nama balcha'aa ammoo \q2 dhiiga dhangalaasiisa jalaa baasa. \q1 \v 7 Namooti hamaaleyyiin hin badan; \q2 deebi'aneelle hin dhaggamanu. \q2 Maatiin worra balcha'aa ammoo \q2 jabaattee dhaabbatti. \q1 \v 8 Nami akkuma qarummaa ifiititti leellifama; \q2 nami qalbii micciirama'aa ammoo \q2 hin tuffatama. \q1 \v 9 Nama sagalee nyaatu adoo hin qabaatin, \q2 nama guddaa ifi fakkeessuu mannaa, \q2 nama ifi gad qabee \q2 hojjataa te'ee le'u woyya. \q1 \v 10 Nami balchaan horii ifiitiif hin marara; \q2 nami hamaan \q2 ammoo yennaa mara gadhaa jabaata. \q1 \v 11 Nami jabaatee lafa qotu sagalee bacaa hin qabaata; \q2 ka waan bu'aa hin qanne ari'u ammoo gowwa'a. \q1 \v 12 Nami hamaan waan worri hamaan saame kajeela; \q2 nami balchaan ammoo horee bacata. \q1 \v 13 Nami hamaan jechuma hamaa ifiitiin qabama; \q2 nami balchaan ammoo rakkinna jalaa hin baya. \q1 \v 14 Nami waan afaan isaa keessaa bayuun \q2 waan dansaa quufa; \q2 akkuma hujii harka ifiititti gatii isaaf malte fudhata. \q1 \v 15 Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; \q2 nami qaroon ammoo gorsa caqasa. \q1 \v 16 Aariin nama gowwa'aa yoosuma beekkanti; \q2 nami qalbeeffataan ammoo \q2 arraba tuffatee lakkisa. \q1 \v 17 Dhugaa bayaan dhugaamessi, \q2 dubbii dhuga'aa dhugaa baya; \q2 dhugaa bayaan dharaamessi ammoo soba dubbata. \q1 \v 18 Dubbiin gar-maleen \q2 akka shallaaga'aa nama woraanti; \q2 arrabi nama qaro'oo ammoo nama fayyisa. \q1 \v 19 Afaan dhuga'aa haga bara baraa jiraata; \q2 arrabi sobaa ammoo yennaa diqqoo qofa jiraata. \q1 \v 20 Gadhaa worra waan hantuu maluu keessa \q2 sobatti jira; \q2 worri waan nageyaa namatti gorsu ammoo \q2 hin gammada. \q1 \v 21 Nama balchaa rakkinni itti hin dhufu; \q2 nama hamaa ammoo rakkinni itti bacata. \q1 \v 22 Mootiin Waan Maraa afaan dhara dubbatu jibba; \q2 namoota dhugaammeyyi'itti ammoo hin gammada. \q1 \v 23 Nami qalbeeffataan beekkumsa ifii dhoffata; \q2 namooti gowwaan ammoo \q2 gowwummaa ifii mudhifatan. \p \v 24 Nami jabaatee hujatu bulchaa hin te'a; \q2 nami boosenni ammoo \q2 garbicha namaa hin te'a. \q1 \v 25 Mami gadhaa namaa keessa yoo jiraate \q2 gad nama qaba; \q2 jechi dansaan ammoo nama gammachiisa. \q1 \v 26 Nami balchaan karaa namaaf akeeka; \q2 nami hamaan ammoo karaa irraa nama qaba. \q1 \v 27 Nami boosenni foon adamo'oon fideeyyuu \q2 hin bilcheeffatu; \q2 nami jabaatee huju ammoo \q2 waan gatii qabu hin dhaggata. \q1 \v 28 Karaa balchumma'aa irra jiru'utti jira; \q2 daandii san irra duuti hin jirtu. \c 13 \q1 \v 1 Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata; \q2 ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage'u. \q1 \v 2 Nami waan dansaa afaan isaa keessaa bayu irraa, \q2 waan dansaa dhaggata; \q2 worri hin addatanne ammoo \q2 hunnaan nama irratti ka'iisaaf halchan. \q1 \v 3 Nami afaan ifii eegatu, \q2 jiruu ifii eegata; \q2 ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada. \q1 \v 4 Nami boosenni hin halcha malee \q2 womaa hin dhaggatu; \q2 nami jabaatee huju ammoo waan halche hin dhaggata. \q1 \v 5 Nami balchaan dhara jibba; \q2 nami hamaan ammoo qaani'ii fi salphinna fida. \q1 \v 6 Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi; \q2 hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa. \q1 \v 7 Nami womaa adoo hin qabaatin \q2 dureessa ifi fakkeessu tokko jira; \q2 ka dhibiin ammoo qabeenna guddaa adoo qabuu \q2 hiyyeessa ifi fakkeessu tokko jirra. \q1 \v 8 Nami dureessi karra ifiitiin \q2 jiruu ifii wodatiisa dande'a fa'a te'a; \q2 nami hiyyeessi ammoo \q2 karra waan hin qanneef, \q2 jiruu ifii wodatiisaaf itti hin rakkatu. \q1 \v 9 Ifi worra balcha'aa yennaa mara ifa; \q2 issaan nama hama'aa ammoo hin dhaama. \q1 \v 10 Ifi jajiis lola qofa kaasa; \q2 qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti. \q1 \v 11 Karri ariiti'iin dhaggatane ariifattee baddi; \q2 ka diqqeessee diqqeessee \q2 kuufate ammoo itti ede'ata. \q1 \v 12 Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti; \q2 halchaan muummotte ammoo \q2 midhaan muka jiru'uu ti. \q1 \v 13 Nami gorsa tuffatu badii ifi irratti fida; \q2 nami ajaja ulfeessu \q2 ammoo gatii irraa dhaggata. \q1 \v 14 Barsiisi nama qaro'oo madda jiru'uu ti; \q2 tiyyoo du'aa irraa nama deebisa. \q1 \v 15 Qalbeeffati dansaan ulfinna namaaf kenniti; \q2 karaan worra hin addatannee ammoo bu'aa-bayi'i. \q1 \v 16 Nami qalbeeffataan beekkumsaan hujata; \q2 gowwaan ammoo gowwummaa ifii \q2 badhinnatti mudhisa. \q1 \v 17 Ergamaan hamaan rakkoo keessa gala; \q2 ergamaan addatamaan ammoo nageya buusa. \p \v 18 Nama qajeelfama tuffatu \q2 hiyyumma'aa fi salphinnatti itti dhufa; \q2 nami xixicha dhage'ee deebi'uu ammoo hin ulfaata. \q1 \v 19 Halchaan muummottu namatti mi'ootti; \q2 gowwooleen ammoo \q2 waan hantuu irraa deebi'iisa jibban. \q1 \v 20 Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te'a; \q2 waa'elli gowwa'aa ammoo hin farra. \q1 \v 21 Wonni hantuun cubbaaleyyii ariiti; \q2 qananummaan ammoo gatii balcha'aa ti. \p \v 22 Nami dansaan ijoollee ijoollee ifiitiif \q2 dhaala lakkisee dabara; \q2 qabeenni cubbaalessaa ammoo \q2 balcha'aaf kuufama. \q1 \v 23 Fichaan nama hiyyeessaa \q2 midhaan bacaa kennuu dande'a; \q2 haqa dhabiisi ammoo haxowee duraa balleessa. \q1 \v 24 Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba; \q2 ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa. \q1 \v 25 Nami balchaan haga quufutti nyaata; \q2 nami hamaan yennaa mara beelota. \c 14 \q1 \v 1 Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti; \q2 dubartiin gowwaan ammoo \q2 harkuma ifiitiin mana ifii diiddi. \q1 \v 2 Nami karaa qajeelaa ideemu \q2 Mootii Waan Maraa sodaata; \q2 ka karaan isaa micciirama'aa ammoo isa tuffata. \q1 \v 3 Nama gowwaa dubbuma isaatitti adabbii isatti fida; \q2 nama qaroo ammoo afaan isaatitti isa eega. \q1 \v 4 Lafa qotiyyoon hin jirre gootaraan duwwaa hin te'a; \q2 hunna qotiyyo'ootiin ammoo \q2 midhaan hin bacata. \q1 \v 5 Dhugaa bayaan dhugaammessi hin sobu; \q2 dhugaa bayaan dharaamessi ammoo dhara dubbata. \q1 \v 6 Nami murgaamessi qarummaa hin barbaada; \q2 garuu hin dhaggatu; \q2 worra qalbeeffataa ammoo \q2 beekkumsa dhaggatiisi hin dhibu. \q1 \v 7 Afaan isaa irraa \q2 beekkumsa waan hin dhagganneef, \q2 nama gowwaa irraa fagaadhu. \q1 \v 8 Qarummaan nama qalbeeffata'aa \q2 karaa irraa akka hin gorre tolchiti; \q2 gowwummaan nama gowwa'aa \q2 ammoo karaa irraa gorsiti. \q1 \v 9 Gowwooleen ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatutti murgan; \q2 odduu worra qajeela'aa ammoo \q2 fedhii dansa'atti jira. \q1 \v 10 Nami martinuu \q2 gammadaa fi gadda hadhowaa ifii hin beeka; \q2 ka isa woliin qoodamu hin jiru. \q1 \v 11 Manni worra hama'aa hin jiga; \q2 qe'een worra qajeela'aa ammoo hin badhatti. \q1 \v 12 Karaan sirrii namatti fakkaatu jira; \q2 muummeen isaa ammoo gara du'aa geessa. \q1 \v 13 Kolla keessaayyuu gaddi jiraachuu dande'a; \q2 gammadi gaddaan muummowuu dande'a. \q1 \v 14 Nami hamaan gatii hammeenna ifii hin fudhata; \q2 nami dansaalle gatii hujii dansaa ifii hin fudhata. \q1 \v 15 Gowwaan waan mara dhugeeffata; \q2 qalbeeffataan ammoo ijjata ifii hin ilaallata. \q1 \v 16 Nami qaroon waan hantuu sodaatee irraa hin deebi'a; \q2 nami gowwaan ammoo ifi hin eegatu; \q2 hin ariifatalle'e. \q1 \v 17 Nami dafee aaru waan gadhee huja; \q2 nami mala namatti dhowu hin jibbatama. \q1 \v 18 Nami hin bilchaatin gowwummaa dhaala; \q2 nami qalbeeffataan beekkumsa \q2 akka kallachaa keyata. \q1 \v 19 Worri hamaan worra dansaa duratti, \q2 worri cubbaaleyyiin \q2 karra worra balcha'aa duratti gad hin jedhan. \q1 \v 20 Hiyyeessi ollaa ifiitiinuu hin jibbatama; \q2 dureessi ammoo jaalota hedduu qaba. \q1 \v 21 Nami nama tuffatu cubbaalessa; \q2 nami hiyyeessaaf nayu ka gammade. \q1 \v 22 Worri mala hamaa dhowu \q2 karaa irraa goranii motii ree? \q2 Worri mala dansaa dhowu ammoo hin jaalataman; \q2 hin addatamanille'e. \q1 \v 23 Jabaatanee hujiis bu'aa qaba; \q2 oduu callaa odeessiis ammoo \q2 gara hiyyumma'aa qofa nama geessiti. \q1 \v 24 Qananummaan kallacha qaroole'ee ti; \q2 gowwummaan ammoo seesa gowwoole'ee ti. \q1 \v 25 Dhugaa bayaan dhugaammessi jiruu fayyisa; \q2 dhugaa bayaan dharaamessi ammoo hin soba. \q1 \v 26 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu \q2 kushee jadduu qaba; \q2 ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti. \q1 \v 27 Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru'uu ti; \q2 tiyyoo du'aa irraa nama deebisa. \q1 \v 28 Ulfinni mooti'ii bacinna kolba'aa ti; \q2 kolbaan yoo hin jiraatin ammoo inni hin bada. \q1 \v 29 Nami ossatu hubantii guddoo qaba; \q2 nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa. \q1 \v 30 Yaadi nageyaa jiruu nafaaf kenna; \q2 hinaaffaan ammoo lafee tortorsa. \q1 \v 31 Nami hiyyeessa cunqursu \q2 ka isa dade tuffata; \q2 ka hiyyeeyyi'iif nayu ammoo \q2 Waaqaaf ulfinna kenna. \q1 \v 32 Nami hamaan hammeenna ifiitiin bada; \q2 nami balchaan du'a keessalle'etti \q2 addee itti baqatu qaba. \q1 \v 33 Qarummaan gadhaa worra woy hubatuu keessa leeti; \q2 isiin gadhaa gowwootaa keessatti ammoo hin beekkantu. \q1 \v 34 Balchummaan kolbaa ol qaddi; \q2 cubbuun ammoo kolbuma mara salphitti. \q1 \v 35 Mootiin tajaajilaa qaro'otti hin gammada; \q2 ka isa fokkisiisutti ammoo hin mufata. \c 15 \q1 \v 1 Deebiin dansaan aarii qabbaneessiti; \q2 jechi jabaan aarii kakkaasa. \q1 \v 2 Arrabi qaro'oo beekkumsa saada; \q2 afaan gowwa'aa ammoo gowwummaa dubbata. \q1 \v 3 Ilti Mootii Waan Maraa addee mara jirti; \q2 waan hantu'uu fi dansaalle hin dhaggiti. \q1 \v 4 Arrabi dansaan muka jiru'uu ti; \q2 arrabi dabaan ammoo yaada namaa cassa. \q1 \v 5 Gowwaan gorsa abbaa ifii tuffata; \q2 nami xixicha dhage'u ammoo qarummaa mudhisa. \q1 \v 6 Mana nama balcha'aa keessa qabeenna gudda'atti jira; \q2 bu'aan nami hamaan dhaggatu ammoo \q2 rakkoo itti fiddi. \q1 \v 7 Afaan qaro'oo beekkumsa facaasa; \q2 qalbiin gowwa'aa ammoo akkasii moti. \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa ciincaa worra hama'aa hin jibba; \q2 daadimati worra qajeela'aa ammoo \q2 isa gammachiisa. \q1 \v 9 Mootiin Waan Maraa karaa worra hama'aa hin jibba; \q2 worra balchummaa gula deemu ammoo hin jaalata. \q1 \v 10 Nama daandii irraa goru adabbii jaddu'utti eegata; \q2 ka xixicha jibbulle hin du'a. \q1 \v 11 Addeen worri du'e jiruu fi addeen badi'ii \q2 Mootii Waan Maraa duratti eega beekkantee, \q2 gadhaan namaa attam attam \q2 irra caalaa hin beekkanne ree? \q1 \v 12 Nami murgaamessi xixamuu hin jaalatu; \q2 inni nama qaroolle gorsa hin gaafatu. \q1 \v 13 Nami gadhaan isaa gammade fuula ifa; \q2 nami gadhaan isaa gadde ammoo yaada caba. \q1 \v 14 Qalbiin nama hubantii qabuu beekkumsa barbaaddi; \q2 afaan nama gowwa'aa ammoo \q2 gowwummaa raama. \q1 \v 15 Hiyyeessaaf guyyaan marti hama'a; \q2 gadhaa gammada qabuuf ammoo \q2 guyyaan marti jila. \q1 \v 16 Qabeenna guddaa hogaa qabuu mannaa, \q2 qabeenna diqqaa qabaatanee \q2 Mootii Waan Maraa sodaataa le'iisa woyya. \q1 \v 17 Addee jibbi jirutti cooma sanga'aa nyaatiisaa mannaa, \q2 addee jaalalli jirutti \q2 shaanaa nyaatiisa woyya. \q1 \v 18 Nami dafee aaru lola kaasa; \q2 nami ossatu ammoo \q2 lola qabbaneessa. \q1 \v 19 Karaan nama booseyaa qore'een cufameera; \q2 karaan nama qajeela'aa ammoo \q2 gufuu hin qabu. \q1 \v 20 Ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa; \q2 nami gowwaan ammoo haadha ifii tuffata. \q1 \v 21 Nama gowwaa gowwumma'atti gammachiisa; \q2 nami qaroon ammoo karaa qajeelaa deema. \q1 \v 22 Gorsi yoo hin jiraatin karoorri hin milkowu; \q2 gorsitooti yoo heddatte ammoo \q2 karoorri hin milkowa. \q1 \v 23 Nami deebii malte namaaf deebisiisaan gammada; \q2 dubbiin yennaa isi'ii maltetti \q2 dubbatantu attam attam dansa'a! \q1 \v 24 Karaan nama qaro'oo addee \q2 worri du'e jirutti akka inni gad hin buuneef, \q2 gara jiru'uutitti ol isa geessa. \q1 \v 25 Mootiin Waan Maraa mana worra kooruu hin diiga; \q2 meessaa haadha hiyyeessaa ammoo hin eega. \p \v 26 Mootiin Waan Maraa yaada worra hama'aa hin jibba; \q2 yaadi worra qulqullu'uu ammoo \q2 isa gammachiisan. \q1 \v 27 Nami joljolaan maatii ifii irratti rakkoo fida; \q2 nami safuu jibbu ammoo hin le'a. \q1 \v 28 Gadhaan nama balcha'aa \q2 deebii kenniisaan dura itti yaada; \q2 afaan nama hama'aa ammoo dubbii hantuu dubbata. \q1 \v 29 Mootiin Waan Maraa nama hamaa irraa fagoo jira; \q2 daadimata balcha'aa ammoo hin dhage'a. \q1 \v 30 Fuulli ifaan gadhaa namaa gammachiisa; \q2 oduun gammadaa lafee jabeessiti. \q1 \v 31 Nami xixicha jiruu kennu caqasu, \q2 qaroolee odduu hin le'a. \q1 \v 32 Nami gorsa tuffatu, \q2 ifi tuffata; \q2 nami xixicha dhage'u ammoo \q2 hubantii dhaggata. \q1 \v 33 Mootii Waan Maraa sodaatiis qarummaa nama barsiisa; \q2 ulfinna dhaggatiisaan dura gad ifi qabiisatti jira. \c 16 \q1 \v 1 Nami gadhaa ifiititti hin yaadata; \q2 yaada san guutuu ka dande'u ammoo \q2 Mootii Waan Maraa qofa. \q1 \v 2 Nami akka ifiif ilaalutti \q2 karaan isaa marti qulqulluu isatti fakkaata; \q2 yaada gadhaa isaa ammoo \q2 Mootiin Waan Maraa hin madaala. \q1 \v 3 Waan gootu mara \q2 Mootii Waan Maraatitti magannee kennadhu; \q2 wonni ati yaaddu marti si'iif hin milkootti. \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa waan mara sababa dadeef qaba; \q2 worra hamaaleyyi'iifille inni guyyaa badi'ii qopheesseera. \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa worra kooru hin jibba; \q2 isaan ijjumaa adabbii jalaa hin bayanu. \q1 \v 6 Jaalalaa fi addatamumma'aan \q2 nama yakkeef araarri godhama; \q2 Mootii Waan Maraa sodaatiisaan \q2 nami waan hantuu irraa fagaata. \q1 \v 7 Karaan namaa Mootii Waan Maraa yennaa gammachiise, \q2 diinoti isaatuu isa woliin nageyaan le'an. \q1 \v 8 Qabeenna bacaa \q2 karaa haqa hin te'iniin dhaggatanuu mannaa, \q2 qabeenna diqqaa karaa balchumma'aatiin dhaggatanu woyya. \q1 \v 9 Nami gadhaa ifii keessatti karoora hin baafata; \q2 Mootiin Waan Maraa ammoo karoora isaa san hin murteessa. \q1 \v 10 Mootiin akka Mootii Waan Maraa dubbata; \q2 afaan isaa haqa hin dassu. \q1 \v 11 Madaallii fi safarri sirrii te'e ka Mootii Waan Maraa ti; \q2 dhakaan madaalli'ii martinuu hujuma isaa ti. \q1 \v 12 Barcumaan mootumma'aa \q2 balchumma'aan waan jabaatuuf, \q2 moototi hujii hantuu jibbuu qaban. \q1 \v 13 Moototi dubbii dhuga'aatitti gammadan; \q2 nama dhugaa dubbatu jaalatan. \q1 \v 14 Mufiin mooti'ii akka ergamaa du'aa ti; \q2 nami qaroon ammoo mufii hin qabbaneessa. \q1 \v 15 Fuulli mooti'ii yennaa ifu jiruun jirti; \q2 isa biratti fudhatama dhaggatiis \q2 akka rooba furmaataa ti. \q1 \v 16 Worqii dhaggatiisa irra qarummaa dhaggatiis, \q2 meetii caalaa hubantii filatiis \q2 attam attam caalti! \q1 \v 17 Kolbaan dansaan waan hantuu irraa fagaatti; \q2 nami karaa ifii eeggatu jiruu ifii eeggata. \q1 \v 18 Ifi jajuun badiisatti, \q2 koorri jigiisatti nama geessa. \q1 \v 19 Worra kooru woliin boojuu qoodamiisaa mannaa, \q2 worra hiyyeeyyii woliin gad ifi qabiisa woyya. \q1 \v 20 Nami gorsa dhage'u, \q2 qananummaa dhaggata; \q2 nami Mootii Waan Maraa \q2 addatulle hin gammada. \q1 \v 21 Worri qaroon «Qalbeeffattoota» jedhaman; \q2 dubbiin mi'oottuun beekkumsa namaaf dabalti. \q1 \v 22 Qarummaan worra isii qabuuf madda jiru'uu ti; \q2 gowwummaan ammoo worra gowwa'atti adabbii fiddi. \q1 \v 23 Nami qaroon itti yaadatee dubbata; \q2 dubbiin afaan isaa nama barsiitti. \q1 \v 24 Dubbiin dansaan akka nadhii dammaa ti; \q2 namatti mi'ootti; \q2 lafee namaatiifille fayyinna kenniti. \q1 \v 25 Karaan namatti qajeelaa fakkaatu jira; \q2 dhuma irratti ammoo gara du'aa geessa. \p \v 26 Fedhiin sagale'ee akka nami jabaatee huju gooti; \q2 beeltille huji'itti isa kakkaachi. \q1 \v 27 Nami badaan waan hantuu mala dhowa; \q2 dubbiin isaalle akka ibiddaa nama guddi. \q1 \v 28 Nami micciiramaan lola kaasa; \q2 nami nama hamatu jaalota gargar baasa. \q1 \v 29 Nami hunnaan nama irratti ka'u \q2 ollaa ifii karaa irraa milissa; \q2 daandii dansaa hin teennelle'etti geessa. \q1 \v 30 Nami ilaan qiphifatu hammeenna mala dhowa; \q2 ka hidhii ciniinnatulle hammeenna yaadata. \q1 \v 31 Arriin kallacha ulfinnaa ti; \q2 isiin jiruu balchumma'aatiin dhagganti. \q1 \v 32 Nama hunnaamessaa mannaa, \q2 nama ossataa woyya; \q2 nama hunnaan qachaa tokko qabatuu mannaa, \q2 nama ifi qabatu woyya. \q1 \v 33 Murtee godhatiisaaf kolbaan hixaa buufatti; \q2 waan mara ka murteessu ammoo Mootii Waan Maraa ti. \c 17 \q1 \v 1 Mana waan nyaatanuun guutamee, \q2 wol dhaba qabuu mannaa, \q2 daabboo godduu nageyaa woyya. \q1 \v 2 Tajaajilaan qaroon ilma salphicha irratti bulchaa hin te'a; \q2 inni obboleeyyan dhaala qoodantu woliin \q2 akka obboleessaa dhaala hin qoodama. \q1 \v 3 Ibiddi worqi'ii fi meetii haga ilaala; \q2 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 gadhaa namaa haga ilaala. \q1 \v 4 Nami hamaan waan hantuu caqasa; \q2 nami dharaamessi dubbii dharaamessaa \q2 miidhassee caqasa. \q1 \v 5 Nami worra hiyyeeyyi'itti murgu, \q2 ka isaan dade arrassa; \q2 nami badii namaatitti gammadu, \q2 adoo hin adabamin hin hafu. \q1 \v 6 Ilmaan ilmaan isaanii \q2 maanguddootaaf kallacha isaanii ti; \q2 worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti. \q1 \v 7 Dubbiin dansaan nama gowwa'aaf hin teetu; \q2 dubbiin dharaa irra caala'aayyuu \q2 bulcha'aaf hin teetu. \q1 \v 8 Safuun nama isii kennuuf akka xano'oo ti; \q2 addee dhaqanu maratti waan isaaf milkoottu itti fakkaatti. \q1 \v 9 Nami yakkaa namaaf araaramu, \q2 jaala qabaata. \q1 Nami dubbii dabartetti deddeebi'u ammoo \q2 jaalota gargar baasa. \q1 \v 10 Gowwaan yennaa dhibba dhaanamee \q2 ka itti dhage'amu caalaa, \q2 xixichi tokko nama qaroo itti dhage'ama. \q1 \v 11 Nami hamaan nama irratti ka'iisa qofa barbaada; \q2 isa loliisaaf \q2 ergamaan marartii hin qanne tokko hin ergama. \q1 \v 12 Nama gowwaa gowwummaa ifii keessa jirutti \q2 dhaqiisa mannaa, \q2 doobbaa\f + \fr 17:12 \fr*\fqa Doobbaa: \fqa*\fqa Bineensa iyyaa fakkaatu. \fqa*\f* dhalaa \q2 ilmeen jalaa fudhatantetti dhaquu woyya. \q1 \v 13 Nami waan dansaa isaaf godhaneef, \q2 waan hantuu yoo deebise, \q2 wonni hantuun mana isaa irraa hin fagaattu. \q1 \v 14 Lola jalqabiis akka bisaan hidha qabame cassee yaa'uu ti; \q2 tanaaf ati adoo dubbiin hin jalqabin qabbaneessi. \q1 \v 15 Nama yakkaamessa bilisa baasiisaa fi \q2 nama balcha'atti muriisa, \q2 lamaanuu Mootiin Waan Maraa hin jibba. \q1 \v 16 Gowwaan qarummaa \q2 dhaggatiisaaf eega hin halchinee, \q2 beeseen inni harka ifiitii qabu \q2 maan isaaf gooti ree? \q1 \v 17 Jaalli yennaa mara si jaalata; \q2 obboleessille yennaa rakko'ootiif dhalata. \q1 \v 18 Nami qalbii hin qanne tokko wolii galtee jabeessiisaaf, \q2 namaan harka wol dhowata; \q2 ollaa ifiitiifille wobii dabara. \q1 \v 19 Nami lola jaalatu cubbuu jaalata; \q2 nami ifi jaju badii ifitti waama. \q1 \v 20 Nama yaada micciiramaa qabuuf hin milkoottu; \q2 nami nama sobulle rakkoo keessa seena. \q1 \v 21 Ilma gowwaa uumatuun gadda namatti fida; \q2 abbaan ilma gowwa'aa gammada hin qabu. \q1 \v 22 Gadhaan gammadu akka qorsa dansa'aa ti; \q2 yaadi cabaan ammoo lafee goggossa. \q1 \v 23 Nami hamaan haqa dassiisaaf, \q2 dhossa'aan safuu fudhata. \q1 \v 24 Ilti nama qaro'oo gara qarumma'aa ilaalti; \q2 ilti nama gowwa'aa ammoo gara mara joonjiti. \q1 \v 25 Ilmi gowwaan gadda abbaa ifiititti fida; \q2 haadha isa deettelle jiruu itti hadheessa. \q1 \v 26 Nama yakkaa hin qanne adabuun, \q2 yookiin qondaaltota qajeelummaa isaaniitiif dhaanuun \q2 dansa'aa moti. \q1 \v 27 Nami beekaan dubbii qusata; \q2 nami hubataalle hin sarma. \q1 \v 28 Gowwaanuu yoo cadhise qaroo fakkaata; \q2 afaan ifiille yoo qabate \q2 akka hubata'aatitti ilaallama. \c 18 \q1 \v 1 Nami nama woliin wolii hin galle, \q2 fedhii ifii qofa gula deemuu barbaada; \q2 muraa haqaa maraayyuu hin morma. \q1 \v 2 Nami gowwaan yaada ifii qofaa \q2 namatti mudhisuu barbaada malee, \q2 hubanti'itti hin gammadu. \q1 \v 3 Hammeenni yennaa dhufu, \q2 tuffatamiisille hin dhufa; \q2 salphinnalle woliin qaani'itti dhufa. \q1 \v 4 Dubbiin afaan namaa akka bisaan qile'ee ti; \q2 maddi qarumma'aa ammoo akka bisaan yaa'uu ti. \q1 \v 5 Nama hama'aaf goluun, \q2 yookiin nama yakkaa hin qanne \q2 haqa dhoogguun dansa'aa moti. \q1 \v 6 Haasonni nama gowwa'aa lola isatti kaasa; \q2 afaan isaalle dhaanamiisa isatti fida. \q1 \v 7 Gowwaa dubbii isaatittuu isa balleessa; \q2 afaanuma isaatittuu akka tiyyo'oo isa qaba. \q1 \v 8 Dubbiin nama nama hamatuu \q2 akka sagalee mi'oottu'uu ti; \q2 isiin gara qochumaanii gad hin buuti. \q1 \v 9 Nami huji'itti booseyu \q2 obboleessa nama wo balleessuu ti. \q1 \v 10 Mootiin Waan Maraa \q2 akka xelleephoo jaddu'uu ti; \q2 worri balchooleen \q2 itti baqatanee bayan. \q1 \v 11 Qabeenni dureeyyi'ii isaaniif \q2 akka qachaa dalleya dhaka'aa jabaa qabuu ti; \q2 isaan akka dalleya dheera'aatitti \q2 isa hedatan. \q1 \v 12 Badiisa ifiitiin dura nami hin koora; \q2 ulfinnaan dura ammoo \q2 gad ifi qabiisatti dhufa. \q1 \v 13 Dubbii adoo hin caqasin deebii kennuun, \q2 gowwumma'a; \q2 fokko'olle'e. \q1 \v 14 Yaadi namaa dhibee hin ossata; \q2 yaadi yoo cabe ammoo \q2 eentu isa fayyisuu dande'a ree? \q1 \v 15 Qalbiin nama hubata'aa beekkumsa dhaggatti; \q2 gurri nama qaro'oolle beekkumsa barbaada. \q1 \v 16 Kennansi nama isa kennuuf karaa bana; \q2 fuula worra gugurda'aa dura isa dhikeessa. \q1 \v 17 Nami isa mormu dhufee haga isa mormutti, \q2 nami dura dhufee dubbii ifii yaa'i'itti dhikeeffatu, \q2 waan sirrii te'e fakkaata. \q1 \v 18 Hixaa buufatiis moromaa qabbaneessa; \q2 wol mormitoota jajjadduu lamaan gargar baasa. \q1 \v 19 Obboleessi yakkaan irratti hujame \q2 qachaa dalleya dhaka'aa qabu caalaa jabaata. \q2 Moromaan akka danqaraa sibiilaa \q2 ka karra dalleya dhaka'aa ittiin cufanuu ti. \q1 \v 20 Nami bu'aa waan afaan isaa keessaa bayuun quufa; \q2 dubbii arrabi isaa dubbattelle'een dharraa baya. \q1 \v 21 Arrabi hunna du'aa fi jiru'uu qaba; \q2 worri isa jaalatu bu'aa isaa hin nyaata. \q1 \v 22 Nami haadha manaa dhaggatu waan dansaa dhaggata; \q2 Mootii Waan Maraa biralle'ee fudhatama dhaggata. \q1 \v 23 Hiyyeessi marartii dhaggatiisaaf gaafata; \q2 dureessi ammoo jabeennaan deebii kenna. \q1 \v 24 Jaaloti gariin nama balleessiti; \q2 jaaloti obboleessa caalaa \q2 namatti dhikaatanulle ammoo hin jiran. \c 19 \q1 \v 1 Gowwaa dubbii micciiruu mannaa, \q2 hiyyeessa komii male le'u woyya. \q1 \v 2 Beekkumsa adoo hin qabaatin, \q2 halchaan callaan dansa'aa moti; \q2 nami akka malee ariifatu karaa irraa gora. \q1 \v 3 Nami gowwummaa ifiitiin jiruu ifii balleessa; \q2 gadhaa ifii keessatti ammoo \q2 Mootii Waan Maraa komata. \q1 \v 4 Durummaan jaala hedduu namaa fiddi; \q2 hiyyeessi ammoo jaala ifiituu dhaba. \q1 \v 5 Nami dharaan dhugaa bayu, \q2 adoo hin adabamin hin hafu; \q2 ka dhara dubbatulle adabbii jalaa hin bayu. \q1 \v 6 Namooti hedduun qondaaltota duratti \q2 fudhatama dhaggatiisa barbaadan; \q2 nama wo namaa kennuufille martinuu jaala. \q1 \v 7 Nama hiyyeessa firri isaatuu eega jibbee, \q2 jaaloti isaa ammoo attam attam \q2 caalchisanee isa irraa fagaatanu ree! \q2 Inni kadhataa isaan gula deema, \q2 isaan ammoo irraa fagaatan. \q1 \v 8 Nami qarummaa qabu lubbuu ifii jaalata; \q2 nami hubantii jaalatu hin qananooma. \q1 \v 9 Nami dharaan dhugaa bayu, \q2 adoo hin adabamin hin hafu; \q2 ka dhara dubbatulle hin bada. \q1 \v 10 Qananummaan gowwa'aaf hin teetu; \q2 qondaaltota bulchiisi garbichaaf \q2 caala'aayyuu attam attam baddu'u! \q1 \v 11 Qarummaan ossata namaaf kenniti; \q2 arraba tuffatanee irra dabariis ulfinna. \q1 \v 12 Aariin mooti'ii akka dhangaa dhowiisa neenqaa ti; \q2 fudhatama isa irraa dhaggatiis ammoo \q2 akka fixeensa marra irraa ti. \q1 \v 13 Ilmi gowwaan abbaa ifiititti badii fida; \q2 haati manaa dubbattittiin akka bokkeya qacacuu ti. \q1 \v 14 Manaa fi durummaa worra irraa dhaalan; \q2 haati manaa qalbittiin ammoo \q2 kennansa Mootii Waan Maraa ti. \q1 \v 15 Booseyummaan hirriiba hamaa namatti fida; \q2 nami hujii malee tee'u beelaan rakkata. \q1 \v 16 Nami ajaja eegatu jiruu ifii eegata; \q2 nami karaa Waaqaa tuffatu ammoo hin du'a. \q1 \v 17 Nami hiyyeessaaf gadhaa laafu \q2 akka waan Mootii Waan Maraatiif liqeessee ti; \q2 Mootiin Waan Maraa gatii isaaf hin kaffala. \q1 \v 18 Deebisiisaaf adoo addiin jirtuu, \q2 ijoollee teeti adabi; \q2 gad lakkittee akka isaan du'anu hin godhin. \q1 \v 19 Nami akka malee aaru tokko \q2 gatii aarii sanii fudhatuu qaba; \q2 ati yennaa tokko rakkoo keessaa yoo isa baatte, \q2 itti deebi'iis keeti ammalle hin hafu. \q1 \v 20 Gara duraa qaroo akka teetuuf, \q2 gorsa caqasi; \q2 qajeelfama fudhadhu. \q1 \v 21 Gadhaa namaa keessa Yaada heddu'utti jira; \q2 ka te'u ammoo yaada Mootii Waan Maraa qofa. \q1 \v 22 Wonni nami barbaadu jaalala bara baraa ti; \q2 dharaamessa te'iisaa mannaa, \q2 hiyyeessa te'uu woyya. \q1 \v 23 Mootii Waan Maraa sodaatiis \q2 gara jiru'uu nama geessa; \q2 nami Mootii Waan Maraa sodaatu gabbi jedhee le'a; \q2 wonni hantuulle isa hin tuxxu. \q1 \v 24 Nami booseyi harka ifii qorii keessa hin keya; \q2 gara afaan ifiituu hin deebifatu. \q1 \v 25 Nama murgu dhaani; \q2 nami gowwaalle qarummaa hin barata; \q2 nama hubataa xixi innille beekkumsa hin dhaggata. \q1 \v 26 Ka abbaa ifii saamu, \q2 haadha ifiille ka manaa ari'u, \q2 ilma fokko'oo fi salphinna fidu. \q1 \v 27 Ilma kiyya, \q2 ati yoo gorsa kiyya dhage'iisa lakkitte, \q2 waan beettuuyyuu irraa badda. \q1 \v 28 Dhugaa bayaan dharaa haqa irratti murga; \q2 afaan nama hama'aa waan hantuu gad liqinsa. \q1 \v 29 Worra murguuf muraan, \q2 worra gowwa'aaf dhaanichi qophoweera. \c 20 \q1 \v 1 Daadhiin woyni'ii murgaamessa, \q2 untoon jadduun xeenxiraa nama gooti; \q2 nami isaan kanaan dokonkore qaro'oo moti. \q1 \v 2 Aariin mooti'ii akka neenqa dhangaa dhowuu ti; \q2 nami isa aarsulle jiruu ifii dhaba. \q1 \v 3 Wol dhaba irraa fagaatiis ulfinna namaaf kenna; \q2 gowwaan yennaa mara lola kaasa. \q1 \v 4 Nami booseyi yenna'aan hin qotatu; \q2 yennaa midhaan galfatanu inni midhaan barbaada, \q2 ammoo womaa hin dhaggatu. \q1 \v 5 Yaadi gadhaa namaa akka bisaan qilee keessaa ti; \q2 nami qalbii qabu ammoo \q2 achi keessaa hin woraabbata. \q1 \v 6 Nami hedduun, «Nuuti worra addatama'a» ifiin jedhan; \q2 nama addatamaa ammoo eentu dhaggatuu dande'a? \q1 \v 7 Nami balchaan komii malee le'a; \q2 ijoolleen isa gula ideentulle ta hiree dansaa qaddu. \q1 \v 8 Mootiin barcumaa mura'aa irra tee'eeru, \q2 iluma ifiitiin waan hantuu ilaalee beeka. \q1 \v 9 Eennutti, «Ani gadhaa kiyya qulqulleeffadheera; \q2 ani cubbuu hin qabu» jedhuu dande'a ree? \q1 \v 10 Mootiin Waan Maraa madaala sirrii hin te'inii fi \q2 safara sirrii hin te'in jibba. \q1 \v 11 Ijoolleenuu qulqulloota akka te'ane, \q2 sirrii te'uu isaaniille, \q2 hujii ifiitiin hin beekkaman. \q1 \v 12 Gurra dhage'uu fi ila dhaggitu, \q2 lachuu ka dade Mootii Waan Maraa ti. \q1 \v 13 Akka hin hiyyoommane, \q2 hirriiba hin jaalatin. \q2 Midhaan akka quuttu, \q2 dammaqii hujadhu. \q1 \v 14 Nami woy bitatu, \q2 «Wonni kun baddu'u, wonni kun baddu'u» jedha; \q2 bitateen duuba, «Dansaa bitadhe» jedhee ifi jaja. \q1 \v 15 Worqi'ii fi dooqi baca'atti jira; \q2 afaan dubbii beekkumsaa dubbatu ammoo, \q2 akka dhakaa gatii guddo'oo ti. \q1 \v 16 Nama alaga'aaf wobii te'e woyaa irraa mulqadhu; \q2 marroo nama alagaa sanii woyaa isaa qabadhu. \q1 \v 17 Sagaleen hannaan dhaggante namatti hin mi'ootti; \q2 duubarra ammoo akka maansa afaan nama guutee teeti. \q1 \v 18 Gorsa fudhadhuu karoora baafadhu; \q2 qajeelfama fudhadhuu duuli. \q1 \v 19 Nami hamatu dhossaa mudhisa; \q2 tanaaf nama dubbii baceessu irraa fagaadhu. \q1 \v 20 Nami abba'aa fi haadha ifii abaaru, \q2 akka issaa dukkana duudduu keessatti dhaamee hin te'a. \q1 \v 21 Qabeenni jalqaba irratti \q2 dafee dhaalaan dhufu, \q2 dhuma irratti eebba hin qabu. \q1 \v 22 Nami si irratti waan hantuu yoo huje, \q2 «Anille deebisee waan hantuu irratti huja» hin jedhin; \q2 Mootiin Waan Maraa si baasaa, \q2 isa eegadhu. \q1 \v 23 Mootiin Waan Maraa madaala sirrii hin te'in hin jibba; \q2 safari sirrii hin te'inille isa hin gammachiisu. \q1 \v 24 Ijjata namaa ka qajeelchu \q2 Mootii Waan Maraa ti; \q2 nami karaa ifii attam beekuu dande'a ree? \q1 \v 25 Nami tokko adoo itti hin yaadin, \q2 Waaqaaf waadaa galee, \q2 duuba irra yoo gaabbe, \q2 tiyyoo seeniisa. \q1 \v 26 Mootiin qaroon worra hamaa miidhassee beeka; \q2 inni marartii malee isaan hin adaba. \q1 \v 27 Mootiin Waan Maraa qalbii namaa hin ilaala; \q2 keessa namaalle hin qorqora. \q1 \v 28 Mararti'ii fi addatamummaan nageyaan mootii eegan; \q2 barcumaan mootummaa isaa \q2 addatamumma'aan jabaatee dhaabbata. \q1 \v 29 Ulfinni dargaggootaa jabeenna isaanii ti; \q2 ulfinni maanguddootaalle arrii isaanii ti. \q1 \v 30 Adabbiin madeessitu waan hantuu qulqulleessiti; \q2 dhaaniisille keessa namaa qulqulleessa. \c 21 \q1 \v 1 Yaadi mooti'ii harka Mootii Waan Maraa keessa jira; \q2 inni akka bisaan yaa'uu gara fedhe isa deebisa. \q1 \v 2 Namatti hujiin inni huju martinuu \q2 sirrii isatti fakkaatti; \q1 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 yaada isaa hin madaala. \q1 \v 3 Balchumma'aa fi haqa hujuun, \q2 ciincaa caalaa Mootii Waan Maraa biratti \q2 fudhatama qaba. \q1 \v 4 Ifi jajiis, bondhooriisii fi \q2 hujiin worra hamaaleyyi'ii cubbu'u. \q1 \v 5 Karoorri worra jabaatee hujuu bu'aa buusa; \q2 jarjarri ammoo gara hiyyu'uu nama geessa. \q1 \v 6 Karri arraba sobaatiin horatane, \q2 akkuma hurrii takkumaan gara gorte dhabanuu tii fi \q2 akkuma tiyyoo nama ijjeettuu ti. \q1 \v 7 Namooti hamaaleyyiin \q2 waan sirrii te'e hujuu waan jibbanuuf, \q2 hunnaan nama irratti ka'iis isaanii \q2 haxowee isaan hin baleessa. \q1 \v 8 Karaan worra yakkaa hujuu micciirama'a; \q2 karaan worra yakkaa hin qannee ammoo qajeela'a. \q1 \v 9 Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa, \q2 roga heellichoo manaa irra le'uu woyya. \q1 \v 10 Nami hamaan waan hantuu halcha; \q2 eennulle'eef marartii hin qabu. \q1 \v 11 Nami murgu yennaa adabamu, \q2 nami gowwaan qarummaa dhaggata; \q2 nama qaroo yennaa barsiisane, \q2 beekkumsa dhaggata. \q1 \v 12 Waaqi balchaan, \q2 waan mana worra hama'aa keessatti \q2 hujamiisatti jiru hin beeka; \q2 worra hamaa san badii itti hin fida. \q1 \v 13 Hiyyeessa rakkatee iyyuuf nami hin dhageenne, \q2 innille rakkattee yennaa iyyu, \q2 nama isa qarqaaru hin dhaggatu. \q1 \v 14 Kennansi dhossa'aan kenname aarii caffachiisa; \q2 safuun dhossa'aan harka keessa keyanulle, \q2 aarii guddoo hin qabbaneessa. \q1 \v 15 Haqi yennaa hujamu, \q2 worra balchoota hin gammachiisa; \q2 worra waan hantuu huju ammoo hin bararassa. \q1 \v 16 Nami karaa hubanti'ii irraa goru, \q2 yaa'ii worra du'ee keessa bu'a. \q1 \v 17 Nami qananummaa jaalatu hin hiyyoommata; \q2 nami daadhii woyni'iitii fi carree jaalatu ijjumaa hin duroommatu. \q1 \v 18 Nami hamaan farra nama balcha'aaf qopheessetti, \q2 nami hin addatannelle \q2 farra nama qajeela'aaf qopheessetti hin gala. \q1 \v 19 Niitii dubbatittii aartu woliin le'iisa mannaa, \q2 goomolee keessa le'iisa woyya. \q1 \v 20 Nami qaroon qabeenna gatii guddo'ootii fi zayitii ejersaa mana ifii keessatti kuufata; \q2 nami gowwaan waan qabu mara balleessa. \q1 \v 21 Nami balchumma'aa fi jaalala hordofu, \q2 jiruu, balchumma'aa fi ulfinna hin dhaggata. \q1 \v 22 Nami qaroon qachaa worra jajjaba'aa hin qabata; \q2 kushee isaan itti addatanulle hin diiga. \q1 \v 23 Nami afaan ifiitii fi arraba ifii eegatu, \q2 rakkinna irraa ifi eegata. \q1 \v 24 Nami kooruu fi hunnaan nama irratti ka'u, \q2 «Ka namatti murgu» jedhama; \q2 inni kooraan guutameera. \q1 \v 25 Harki isaa hujii waan jibbuuf, \q2 nami booseyi kajeella'aan du'a. \q1 \v 26 Inni guyyaa guutuu kajeela; \q2 nami balchaan ammoo \q2 harka keessa adoo hin qabatin kenna. \q1 \v 27 Mootiin Waan Maraa ciincaa nama hama'aa jibba; \q2 yennaa nami yaada hama'aan kennu fa'a irraa caalaa jibba. \q1 \v 28 Dhugaa bayi dharaamessaa hin baddi; \q2 dhugaa bayi dhugaamessaa ammoo \q2 haga bara baraa hin jiraatti. \q1 \v 29 Nami hamaan mataa jabaata; \q2 nami qajeelaan ammoo marroo \q2 hujii ifii itti yaadata. \q1 \v 30 Qarummaan, hubanti'ii fi \q2 karoorri Mootii Waan Maraa \q2 ifi irraa dhooggatiisa dandeessittu hin jirtu. \q1 \v 31 Guyyaa lolaatiif farda hin qopheeffatan; \q2 ka nama injifachiisu ammoo Mootii Waan Maraa ti. \c 22 \q1 \v 1 Durummaa guddo'oo mannaa, maqaa dansaa woyya; \q2 meeti'ii fi worqii caalaa \q2 fudhatama qabaachuu woyya. \q1 \v 2 Isaan lamaanuu ka dade, \q2 Mootii Waan Maraa waan te'eef, \q2 dureessii fi hiyyeessi wol qixxe'e. \q1 \v 3 Nami qalbeeffataan balaa dhaggee dhokata; \q2 nami gowwaan ammoo ittuma ideemee rakkata. \q1 \v 4 Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiis \q2 karra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan. \q1 \v 5 Karaa namoota hama'aa keessa qore'ee fi tiyyo'otti jira; \q2 nami ifi eegatu ammoo irraa fagaata. \q1 \v 6 Ijoollee karaa sirri'ii barsiisi; \q2 yennaa dulloomanelle isaan \q2 karaa san irraa hin goranu. \q1 \v 7 Dureessi hiyyeessa bulcha; \q2 ka liqeeffatulle ka liqeessuuf tajaajila'a. \q1 \v 8 Nami hammeenna facaasu rakkoo haammata; \q2 uleen aarii isaalle hin baddi. \q1 \v 9 Sagalee ifii hiyyeeyyii woliin waan qoodamuuf, \q2 nami arjaan hin eebbifama. \q1 \v 10 Nama murgu gad baasi; \q2 wol dhabille hin baya; \q2 lolli, arrabille hin jiraatu. \q1 \v 11 Nami yaada qullu'uu fi dubbii qulluu jaalatu, \q2 jaala mooti'ii hin te'a. \q1 \v 12 Ilti Mootii Waan Maraa beekkumsa eeddi; \q2 dubbii worra hin addatannee ammoo inni hin balleessa. \q1 \v 13 Nami booseyi, «Neenqi ala jira! \q2 Yookiin ani karaa irratti hin du'a» jedha. \q1 \v 14 Afaan dubartii gaarayyeeffattu'uu akka boolla qile'ee ti; \q2 nami Mootii Waan Maraa abaare isii keessa bu'a. \q1 \v 15 Gowwummaan yaada ijoolle'ee qabatteerti; \q2 uleen xixxa'aa ammoo gowwummaa isaan irraa hin fageessiti. \q1 \v 16 Nami durummaa ede'atiisaaf hiyyeessa cunqursu, \q2 ka dureessaaf kennansa kennulle lamaanuu hin hiyyoommatan. \s1 Jecha Qaro'oo \q1 \v 17 Gurra keeti itti qabadhuutii, \q2 Waan qaroon jedhu caqasi! \q2 Gadhaa keeti gara barsiisa kiyyaa deebifadhu! \q1 \v 18 Isiin dansaa waan teeteef, gadhaa keetitti qabadhuutii, \q2 yennaa mara marroo isi'ii dubbadhu. \q1 \v 19 Akka ati Mootii Waan Maraatitti addattuuf, \q2 ani adha si barsiisa. \q1 \v 20 Jechoota gorsaatii fi beekkumsaa \q2 soddoma ani si'iif hin barreessinee ree? \q1 \v 21 Worra si erguuf deebii dhuga'aa akka deebittuuf, \q2 dhuga'aa fi jecha dhuga'aa ani si hin barsiinnee ree? \s1 Tokkeessoo \b \q1 \v 22 Worra hiyyeeyyii waan hiyyeeyyii te'aneef hin saamin; \q2 worra rakkataa addee mura'aatitti hin farrisiisin. \q1 \v 23 Mootiin Waan Maraa isaaniif waan falmatuuf, \q2 nama isaan saamu hin saama. \s1 Lammeessoo \b \q1 \v 24 Nama aarammeessa jaala hin godhatin; \q2 nama dafee aarutti hin maxxanin. \q1 \v 25 Ati isa irraa barattee, \q2 tiyyoo isaa keessa seenta fa'a. \s1 Sadeessoo \b \q1 \v 26 Nama waada'aaf harka namaa dhowu, \q2 yookiin liqa'aaf wobii dabaru hin te'in. \q1 \v 27 Ati waan kaffaltuu yoo dhadde, \q2 itilleen teeti si jalaa hin fuudhatanti. \s1 Arfeessoo \b \q1 \v 28 Dhakaa meessa'aa ka durii ka abbootiin durii dhaabane adde'ee hin munyuussin. \s1 Shaneessoo \b \q1 \v 29 Ati nama hujii ifiitiin leenji'eeru dhaggiteertaa? \q2 Inni mootota dura tajaajila malee, \q2 nama mara dura hin tajaajilu. \c 23 \s1 Jayeessoo \q1 \v 1 Sagalee nyaatiisaaf bulchaa woliin yennaa teettu, \q2 waan si dura jirtu san hubadhuu ilaali. \q1 \v 2 Nyaatiisaaf dharraa guddoo yoo qabaattelle, \q2 ifi qabadhu. \q1 \v 3 Sagaleen sun waan si sodduuf, \q2 mi'aan isi'ii si hin joljolsin. \s1 Torbeessoo \q1 \v 4 Duroomiisaaf jettee akka malee hin elowin; \q2 ifi qabatiisaaf qarummaa qabaadhu. \q1 \v 5 Durummaan akka risaa koolaan ka'uu, \q2 haga lipheettii ilaatitti, \q2 nama duraa baduu hin dandeetti. \s1 Saddeetessoo \q1 \v 6 Sagalee nama donnaa hin nyaatin; \q2 mi'aan isi'ii si hin joljolsin. \q1 \v 7 Inni akka nama yennaa mara marroo gatii sagaleen sun baachu yaaduu ti; \q2 inni afaaniin, «Nyaadhu; uni» siin jedha; \q2 gadhaan isaa ammoo si woliin hin jiru. \q1 \v 8 Diqqoo nyaatteeyyuu hin diddidda; \q2 dubbii galataa teetille hin balleessita. \s1 Sagaleessoo \q1 \v 9 Inni dubbii qarumma'aa teetitti waan murguuf, \q2 gowwa'atti hin dubbatin. \s1 Kudhaneessoo \q1 \v 10 Dhakaa meessa'aa ka durii adde'ee hin munyuussin \q2 yookiin fichaa ijoollee abbaa hin qannee \q2 meessaa hin dabarin. \q1 \v 11 Waaqi isaan wodu jabaa waan te'eef, \q2 inni isaaniif hin falmata. \s1 Kudhanii Tokkeessoo \q1 \v 12 Qalbii teeti gara gorsaa, \q2 gurra keetille gara beekkumsaa deebifadhu. \s1 Kudhanii Lammeessoo \q1 \v 13 Ijoollee teeti adabiisa hin lakkisin; \q2 kuta'aan yoo dhaante isaan hin du'anu. \q1 \v 14 Ati yoo kuta'aan isaan dhaante, \q2 lubbuu isaanii du'a irraa hin hamburta. \s1 Kudhanii Sadeessoo \q1 \v 15 Ilma kiyya, ati qaroo yoo teete, \q2 gadhaan kiyya hin gammada. \q1 \v 16 Yennaa afaan keeti waan sirrii te'e dubbatu, \q2 keessi kiyya guddoo gammada. \s1 Kudhanii Arfeessoo \q1 \v 17 Yennaa mara Mootii Waan Maraa \q2 sodaatiisaaf hinaaf malee, \q2 cubbaaleyyi'itti hin hinaafin. \q1 \v 18 Dhugumaan ati gara fuula duraa addii qadda; \q2 addiin teetille hin baddu. \s1 Kudhanii Shaneessoo \q1 \v 19 Ilma kiyya, caqasi; \q2 qaroolle te'i; \q2 qalbii teetille daandii qajeelaa irratti eegadhu. \q1 \v 20 Worra daadhii woyni'ii akka malee unuu fi \q2 worra foon akka malee nyaatu woliin hin jaalomin. \q1 \v 21 Worri machowuu fi worri gadhitoon hin hiyyoommatan; \q2 hirriibi hamaan isaaniille woyaa ciccittuu isaanitti hin uffisa. \s1 Kudhanii Jayeessoo \q1 \v 22 Abbaa keeti ka si uume dhage'i; \q2 haadha teetille yennaa isiin dulloonte hin tuffatin. \q1 \v 23 Dhuga'aa fi qarummaa, \q2 gorsaa fi hubantii bitadhu malee hin gurgurin. \q1 \v 24 Abbaan nama balcha'aa gammada guddaa qaba; \q2 ka ilma qaroo qabulle isatti hin gammada. \q1 \v 25 Abbaan keetii fi haati teeti gammadanuu ti; \q2 haati si deette akka malee gammadduu ti. \s1 Kudhanii Torbeessoo \q1 \v 26 Ilma kiyya, qalbii teeti naa kenni; \q2 ilti teetille karaa kiyya ilaaltuu ti. \q1 \v 27 Dubartiin sagaagaltittiin akka boolla qile'ee ti; \q2 niitiin gaarayyeeffattuun akka balleessa dhipha'aa ti. \q1 \v 28 Isaan akka worra nama saamuu riphanee si eegan; \q2 dhiira hedduu niitii ifiitiif akka hin addatanne godhan. \s1 Kudhanii Saddeetessoo \q1 \v 29 Ka waacifu eennu? \q2 Ka gaddu eennu? \q2 Ka wol dhabu eennu? \q2 Ka nama komatu eennu? \q2 Ka sababa malee madowu eennu? \q2 Ka ila diimatu eennu? \q1 \v 30 Worra daadhii woyni'ii irra turu, \q2 ka yennaa mara daadhii woyni'ii \q2 ta makaa qaddu barbaaduu motii ree? \q1 \v 31 Daadhiin woyni'ii yennaa diimattu, \q2 shurrubbee keessaa yennaa calalaxxu, \q2 akka kasoo yennaa isii unanu \q2 si hin halchisiisin. \q1 \v 32 Muummee irratti akka dhudhuufa'aa si idditi; \q2 akka buuti'iille hadhaa sitti naxxi. \q1 \v 33 Ilti teeti waan haareya dhaggiti; \q2 qalbiin teetille hin cucurruuxxi. \q1 \v 34 Akka nama abbaayaa irra rafuu, \q2 akka nama qaccee utubaa hobolo'oo irra irkatuu hin teeta. \q1 \v 35 Ati, «Na dhowane; \q2 ani ammoo hin miidhanne; \q2 na dhaanane; \q2 ani ammoo hin dhukkuffanne; \q2 untoo dhibii barbaadatiisaaf, yoom dammaqa?» jetta. \c 24 \s1 Kudhanii Sagaleessoo \q1 \v 1 Namoota hamoolee hin hinaafin; \q2 jaalummaa isaanii hin halchin. \q1 \v 2 Gadhaan isaanii hunnaan nama irratti ka'iisa yaada; \q2 afaan isaaniille marroo maltumma'aa dubbata. \s1 Diddameessoo \q1 \v 3 Manni qarumma'aan ijaarama; \q2 hubantiille'een jabeeffama. \q1 \v 4 Beekkumsaan kollooti mana sanii \q2 meya gatii guddo'ootii fi \q2 meya dadansa'aan guutaman. \s1 Diddamii Tokkeessoo \q1 \v 5 Nami qaroon hunna jadduu qaba; \q2 nami beekkumsa qabulle jabeenna dabalata. \q1 \v 6 Lolaaf bayiisaaf qajeelcha, \q2 injifatiisaafille gorsitoota hedduu barbaachisa. \s1 Diddamii Lammeessoo \q1 \v 7 Nama gowwa'aaf qarummaan akka malee ol fagaatti; \q2 inni addee mari'ii keessatti \q2 afaan ifii hin saaqatu. \s1 Diddamii Sadeessoo \q1 \v 8 Nami waan hantuu godhiisaaf mala dhowu, \q2 inni, «Malticha» jedhamee beekkama. \b \q1 \v 9 Malli gowwa'aa cubbu'u; \q2 namooti nama murgu hin jibban. \s1 Diddamii Arfeessoo \q1 \v 10 Ati bara rakko'oo keessa yoo raafante, \q2 jabeenni keeti attam attam diqqa'a! \s1 Diddamii Shaneessoo \q1 \v 11 Worra gara du'aa geeffamanu baasi; \q2 worra gara qalamiisaa tintimanu deebisi. \q1 \v 12 Ati, «Nuuti marroo waan kanaa hin beenne» yoo jette, \q2 ka gadhaa namaa qorqoru kana hin hubatuu ree? \q2 Ka jiruu teeti eegu hin beekuu ree? \q1 Inni nama tokko tokkoofuu \q2 akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffaluu ree? \s1 Diddamii Jayeessoo \q1 \v 13 Ilma kiyya, dammi dansaa waan te'eef, \q2 damma nyaadhu; \q2 nadhiin dhaaba dammaa keessaa sitti hin mi'ootti. \q1 \v 14 Qarummaalle lubbuu teetiif \q2 akkuma san akka mi'oottu beeki; \q2 ati yoo isii dhaggatte, \q2 gara fuula duraa addii qadda; \q2 addiin teetille hin baddu. \s1 Diddamii Torbeessoo \q1 \v 15 Akka nama hama'aa \q2 mana nama balcha'aa dhokattee hin gaadin. \q2 Mana isaa irralle'etti hunnaan hin ka'in. \q1 \v 16 Nami balchaan yennaa torba jigulle deebi'ee hin ka'a; \q2 nami hamaan ammoo badii keessa bu'a. \s1 Diddamii Saddeetessoo \q1 \v 17 Yennaa diinni keeti jigu hin gammadin; \q2 yennaa inni gufatulle gadhaan keeti hin firinxiixin. \q1 \v 18 Itti gammadiisa keeti yoo dhagge, \q2 Mootiin Waan Maraa hin jaalatu; \q2 aarii ifii isa irraa hin deebisa. \s1 Diddamii Sagaleessoo \q1 \v 19 Waan namooti hamaan hujanu hin qoxxisin; \q2 yookiin hamoolee hin hinaafin. \q1 \v 20 Nami hamaan addii gara fuula duraa hin qabu; \q2 issaan nama hama'aalle hin dhaama. \s1 Soddomeessoo \q1 \v 21 Ilma kiyya, Mootii Waan Maraatii fi mooticha sodaadhu; \q2 worra finqilaa woliin jaala hin te'in. \q1 \v 22 Mootiin Waan Maraatii fi mootichi \q2 dedhuma badii worra finqilaa irratti hin fidan; \q2 badii isaan fidanu eentu beeka ree? \s1 Jecha Qaro'oo Ka Dhibii \q1 \v 23 Isaan kunille jecha qaro'oo ti: \q2 Muraa keessatti nama wol caalchisuun dansa'aa moti. \q1 \v 24 Nama hama'aan, «Ati yakkaa hin qaddu» nama jedhu, \q2 kolbaan hin abaarti; \q2 gosi biyya adda addaalle hin jibbiti. \q1 \v 25 Worra nama hamaa xixuuf ammoo \q2 wonni dansaan hin teeti; \q2 eebbi dansaalle isaan irratti hin bu'a. \q1 \v 26 Deebii dhuga'aa deebisuun, \q2 akka sunqaa hidhi'ii ti. \q1 \v 27 Hujii alaa fixadhuu, \q2 fichaa keeti qopheeffadhu; \q2 achiin duuba mana keeti ijaaradhu. \q1 \v 28 Sababa malee nama irratti dhugaa hin bayin \q2 yookiin hidhii teetiin nama hin sobin. \q1 \v 29 Ati, «Waanuma nami na godhe, anille isa hin godha; \q2 gatuma hujii isaa isaaf hin deebisa» hin jedhin. \q1 \v 30 Ani fichaa nama booseyaa keessa, \q2 oorruu woyni'ii ta nama qalbii hin qannee \q2 keessa dabaree deeme. \q1 \v 31 Addee mara qoreen itti latteerti; \q2 shuqunaan lafa golliteerti; \q2 dalleenni dhaka'aalle irraa jigeera. \q1 \v 32 Ani waan kana ilaalee itti yaadee, \q2 waan dhagge kana irraa barumsa dhaggadhe: \q1 \v 33 Ati yennaa diqqoo isi'ii rafii, \q2 yennaa diqqoo isi'ii mugii, \q2 foorfatiisaaf yennaa diqqoo isi'ii \q2 harka wol irra naqadhu. \q1 \v 34 Garuu hiyyuun akka saantu'uu, \q2 beelti akka nama meya lolaa hidhatee \q2 sitti hin dhufan. \c 25 \s1 Jecha Qarummaa Solomoonii Ka Dhibii \q1 \v 1 Isaan kunille fakkeenna Solomoonii ka dhibii, \q2 ka qondaaltoti Hisqiyaasii mootii \q2 Yihuda'aa barreeffama irraa garagalchane. \q1 \v 2 Gofa woyii dhossuun ulfinna Waaqaa ti; \q2 gofa woyii qoratanee baasuun \q2 ulfinna moototaa ti. \q1 \v 3 Akkuma ol-gubbaan ol fagaattu \q2 akkuma lattille gaddi fagaattu, \q2 yaadi moototaalle qorqoramuu hin dande'u. \q1 \v 4 Ka meetii irraa meya huju meetii qulluu akka qabaatu, \q2 ati meetii san irraa xurii kaasi. \q1 \v 5 Barcumaan mootumma'aa \q2 balchumma'aan akka dhaabbatu, \q2 nama hamaa addee mootiin jiruu kaasi. \q1 \v 6 Mootii duratti ol ifi hin qabin; \q2 nama guddaa ifi hin fakkeessin. \q1 \v 7 Mootichi nama guddaa duratti \q2 addee gad aantuu sii kenniisaa mannaa, \q2 addee ol aantuu sii kennu woyya. \q1 \v 8 Waan tokko ilumaan dhaggite'eef \q2 ariifattee gara mura'aa hin dhikeessin; \q2 nami dhibiin dokonkora keeti yoo mirkaneesse, \q2 ati dhuma irratti maan teeta ree? \q1 \v 9 Haajaa keetiif nama woliin yennaa falmattu, \q2 gofa nama dhibi'ii hin mudhisin. \q1 \v 10 Yoo akkas hin te'in nami waan kana dhage'u si qaanessa; \q2 maqaan keeti ka bade sun ijjumaa si'iif hin deebi'u. \q1 \v 11 Dubbiin yennaa isi'iititti dubbatantu, \q2 akka quumhaa worqi'ii ka qorii meeti'ii keessaa ti. \q1 \v 12 Xixxaan nama qaro'oo nama isa dhage'uuf, \q2 akka worqii gurraa yookiin meya seesaa \q2 ka worqii qulluu irraa hujamee ti. \q1 \v 13 Bisaan dhakaa roobaatiin qabbanowe, \q2 yennaa midhaan galcha'aa \q2 akkuma gadhaa namaa qabbaneessu, \q2 ergantooti addatamootille \q2 nama isaan ergatuuf akkasuma; \q2 isaan yaada goottolee ifii hin foorfachiisan. \q1 \v 14 Nami kennansa namaaf hin kennineen ifi jaju, \q2 akka duumensaa fi qilleensa bokkeya hin qannee ti. \q1 \v 15 Nami ossa qabu \q2 bulchaa biyyaa tokko gadhaa hin laaffifata; \q2 arrabi dansaan nama mataa jabaatu laaffisa. \q1 \v 16 Damma yoo dhaggatte, \q2 haga si'iif barbaachisu qofa nyaadhu; \q2 akka malee nyaattu si diddissa. \q1 \v 17 Si bagee waan si jibbuuf, \q2 miilli keeti mana ollaa keetiititti hin daandin. \q1 \v 18 Nami dharaan dhugaa nama irratti bayu, \q2 akka ulee jirmaa yookiin \q2 akka shallaaga'aa yookiin \q2 akka daaya qara qabuu ti. \q1 \v 19 Rakkinna keessa nama hin addatannetti addatiis, \q2 akka nama ilkaan tacho'etti \q2 yookiin miila laashowetti addatuu ti. \q1 \v 20 Nama gaddeef faaruu faarsuun, \q2 akka nama guyyaa boojji'ii \q2 woyaa isaa isa irraa fuudhanee ti \q2 yookiin akka soodda mada'atti naqanee ti. \q1 \v 21 Diinni keeti yoo beelote sagalee nyaatu kenniif; \q2 yoo dheebotelle bisaan unu kenniif. \q1 \v 22 Tana godhiisaan gaabbee akka inni qaanowu hin goota; \q2 Mootiin Waan Maraalle gatii si'iif hin kaffala. \q1 \v 23 Akkuma qilleensi kaabaa bokkeya fidu, \q2 arrabi hamatu ila aari'iin nama ilaaltu hin fida. \q1 \v 24 Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa, \q2 roga heellichoo manaa irra le'uu woyya. \q1 \v 25 Oduun dansaan biyya fago'oo, \q2 akkuma bisaan qabbanowaa \q2 lubbuu dheebotte dheebuu baasuu ti. \q1 \v 26 Nami balchaan nama hama'aaf karaa kennu, \q2 akka madda boorayee, \q2 yookiin akka bisaan boollaa \q2 ka xurayee ti. \q1 \v 27 Damma akka malee nyaatiis dansa'aa moti \q2 yookiin ulfinna mataa ifii barbaadatiisi ulfinnaa moti. \q1 \v 28 Nami ifi qabatiisa hin dandeenne, \q2 akka qachaa guddicha dalleenni dhaka'aa irraa jigee ti. \c 26 \q1 \v 1 Dhakaan roobaa bona keessa, \q2 bokkeenni yennaa midhaan galfatanuuf akkuma hin teene, \q2 ulfinnille gowwa'aaf hin te'u. \q1 \v 2 Abaarsi akkasumaan nama abaaranu, \q2 akkuma sinbirroota koolaan asii fi achi kaatuu ti malee, \q2 nama tokkolle hin miidhu. \q1 \v 3 Licheen fardaaf, \q2 bixaalli gaange'eef akkuma barbaachisu, \q2 uleen dudda gowwa'aatiif hin barbaachitti. \q1 \v 4 Atinuu akka isaa akka hin teene, \q2 gowwa'aaf akka gowwummaa isaatitti \q2 deebii gowwittii hin deebisin. \q1 \v 5 Nami gowwaan qaroo akka ifi hin seene, \q2 akkuma gowwummaa isaatitti deebii isaaf kenni. \q1 \v 6 Nami nama gowwaa ergatu, \q2 akka nama miila ifi irraa muree rakkinna ifitti fiduu ti. \q1 \v 7 Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu, \q2 akka miila naafatee rarra'uu ti. \q1 \v 8 Nama gowwa'aaf ulfinna kenniis, \q2 akka nama looyya'atti dhakaa hidhuu ti. \q1 \v 9 Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu, \q2 akka qoree harka nama machowa'aa keessa jirtuu ti. \q1 \v 10 Nami nama gowwaa yookiin nama karaa deemu qaxaru, \q2 akka nama daaya akkuma dhagge \q2 darbatee nama dhagge madeessuu ti. \q1 \v 11 Sareen diddiga ifiititti akkuma deebitu, \q2 gowwaalle gowwummaa ifiititti hin deddeebi'a. \q1 \v 12 Nama qaroo ifi sewu dhaggiteertaa? \q2 Isa caalaa gowwa'atti addii qaba. \q1 \v 13 Nami booseyi, «Neenqi karaa keessa jira! \q1 Neenqi karaa guddaa keessa jira» jedha. \q1 \v 14 Miilli saanqa'aa iloo keessa akkuma garagaggalu, \q2 nami booseyille taqee ifii irra garagaggala. \q1 \v 15 Nami booseyi harka ifii qorii keessa hin keya; \q2 garuu gara afaan ifii deebifatiisa guddoo dadhaba. \q1 \v 16 Nami booseyi, \q2 namoota torba ka hubanti'iin deebii deebisanu caalaa \q2 qaroo ifi seya. \q1 \v 17 Nami akkasumaan dubbii namaa keessa galu, \q2 akka nama saree karaa ideentu gurra qabuu ti. \q1 \v 18 Akkuma maraataan umeessaa ibiddaatii fi \q2 daaya nama ijjeesu namatti gad lakkisu, \q2 \v 19 nami nama gowwoonsee, \q2 «Ani hin taphadhe» jedhulle akkasuma. \q1 \v 20 Qoraan yoo hin jiraatin ibiddi hin dhaama; \q2 hamiin yoo hin jiraatin lolli hin hafa. \q1 \v 21 Cileen kashila, \q2 muki ibidda akkuma gabbisu, \q2 nami dubbii tuttuqu lola kaasa. \q1 \v 22 Jechi hami'ii akka tuuqata mi'owuu ti; \q2 gara keessa namaa gad seena. \q1 \v 23 Nami afaan ifiitiin dansaa fakkaatee, \q2 gadhaa ifii keessaa yaada hamaa qabu, \q2 akka meya faaraa ka meetii itti gonfanee ti. \q1 \v 24 Nami kijibu afaaniin nama sossoba; \q2 gadhaa ifiitiin hantuu yaadata. \q1 \v 25 Yaadi hamaan torba \q2 waan gadhaa isaa keessa guuteeruuf, \q2 yennaa inni afaan laafee dubbatu, \q2 isa hin dhugeeffatin. \q1 \v 26 Kijibummaa ifii maltumma'aan dhoffatulle, \q2 hammeenni isaa ammoo gumii \q2 keessatti diidatti hin baya. \q1 \v 27 Nami boolla namaaf qotu, \q2 ifumaafuu keessa hin bu'a. \q1 Nami dhakaa namatti konkolaachisulle, \q2 dhakaan sun deebi'ee isuma irra hin konkolaata. \q1 \v 28 Arrabi dharaamessi worruma ifiifuu miidhe jibba; \q2 afaan sobaan kookkisulle badii namatti fida. \c 27 \q1 \v 1 Waan Guyyaan fidu waan hin beenneef, \q2 waan boru te'uun ifi hin jajin. \q1 \v 2 Nami si jajuu ti malee, ati ifi hin jajin; \q2 nami dhibiin si jajuu ti malee, afaan keetiin ifi hin jajin. \q1 \v 3 Dhakaan hin ulfaata; \q2 maansille ba'a'a. \q1 Nunnussaan gowwaan tuttuqee nama aarsu ammoo, \q2 isaan lachuu caalaa hin ulfaatti. \q1 \v 4 Mufiin gadhi-jabeenna; \q2 aariin lola'a; \q2 hinaaffaa dura ammoo \q2 eentu dhaabbatuu dande'a? \q1 \v 5 Jaalala dhokate caalaa, \q2 xixicha mudhatu woyya. \q1 \v 6 Sunqaa diinaatii mannaa, \q2 jaalli si madeessu woyya. \q1 \v 7 Nama quufe, \q2 dammi itti bushowa; \q2 nama beelote ammoo \q2 wonni hadhowuuyyuu itti mi'owa. \q1 \v 8 Nami qe'ee ifii keessaa baye, \q2 akka sinbirree mana ifii keessaa baatee ti. \q1 \v 9 Fiqire'ee fi qayyi nama gammachiisan; \q2 gammachiisiis jaalaalle \q2 gorsa dansaa isaa irraa madda. \q1 \v 10 Jaalota teetii fi jaalota abbaa keetii hin lakkisin; \q2 yennaa rakkinnaa mana obboleessa keetii hin dhaqin; \q2 obboleessa fagoo jiruu mannaa, \q2 ollaa dhikoo jiru woyya. \q1 \v 11 Ilma kiyya, \q2 nama na arrassuuf deebii kennuu akka ani dande'u, \q2 ati qaroo te'i; \q2 gadhaa kiyyalle gammachiisi. \q1 \v 12 Nami qalbeeffataan waan hantuu dhaggee duraa baqata; \q2 nami hubantii hin qanne ammoo ittuma ideemee, \q2 rakkoo keessa seena. \q1 \v 13 Nama alaga'aaf wobii te'e woyaa irraa mulqadhu; \q2 haga inni waan alagaan fudhate san deebisutti \q2 woyaa san qabadhu. \q1 \v 14 Nami barii ganamaan ka'ee, \q2 qoonqoo ol qabatee nama yoo eebbise, \q2 eebbi sun abaarsa nama sanitti fakkaata. \q1 \v 15 Niitiin dubbattittiin akka mana \q2 guyyaa roobaa dhim'isaa ooluu ti. \q1 \v 16 Isii ittisiis qilleensa ittisiisa, \q2 yookiin zayitii harkaan qabiisa. \q1 \v 17 Akkuma sibiilli sibiila cabbu, \q2 namille nama cabba. \q1 \v 18 Nami muka harru'uu kunuunsu \q2 midhaan isi'ii hin nyaata; \q2 nami goottaa ifii eegulle \q2 ulfinna hin dhaggata. \q1 \v 19 Akkuma bisaan fuula namaa mudhisu, \q2 yaadi namaalle eennummaa namaa mudhisa. \q1 \v 20 Addeen worri du'e jiruu fi \q2 addeen badi'ii ijjumaa hin quuttu; \q2 ilti namaalle ijjumaa hin quuttu. \q1 \v 21 Meeti'ii fi worqiin addee itti baqisiisanu keessatti \q2 akkuma haga ilaallatamanu, \q2 namille leellifamiisaan haga ilaalama. \q1 \v 22 Gowwaa akka midhaanii \q2 mooyye'etti tuma'aan yoo tuntelle, \q2 gowwummaa isa keessaa baasuu hin dandeettu. \q1 \v 23 Hoolee teeti haala attamii keessaa akka jirtu \q2 midhassii beeki; \q2 loon keetille midhassii tiffadhu. \q1 \v 24 Sababille durummaan haga bara baraa hin jiraatu; \q2 kallachille dhalootaa dhalootatti hin dabaru. \q1 \v 25 Marri gogaan haamamee, \q2 marri haarenni yennaa latu, \q2 marri koobota irraa yennaa wolitti qabamu, \q2 \v 26 buruusoo hoolota teetiitiin daara hin baata; \q2 re'oota teetille'een fichaa hin bitatta. \q1 \v 27 Soorata keetiif, soorata maatii teetiitiif, \q2 soorata tajaajiltoota teetiifille ka gewu, \q2 aanan re'e'ee hin qabaatta. \c 28 \q1 \v 1 Nami hamaan adoo nami hin ari'in baqata; \q2 nami balchaan ammoo akka neenqaa ifi addata. \q1 \v 2 Kolbaan yennaa finqila kaatu, \q2 bulchitooti isi'ii hin heddatti; \q2 nama hubata'aa fi beekaa yoo qabaatte ammoo \q2 mootummaan isi'ii jabaattee hin dhaabbatti. \q1 \v 3 Bulchaan hiyyeessa cunqursu \q2 akka bokkeya midhaan balleessuu ti. \q1 \v 4 Worri seera lakkisu nama hamaa leellisa; \q2 worri seera eegatanu ammoo isaaniin morma. \q1 \v 5 Nami hamaan haqa hin beeku; \q2 worri Mootii Waan Maraa barbaadatu ammoo \q2 guutumaa guutu'utti haqa beekan. \q1 \v 6 Dureessa ideensi isaa micciirama'aatii mannaa, \q2 hiyyeessa komii hin qanne woyya. \q1 \v 7 Ka seera eegu ilma qalbeeffata'a; \q2 ka gadhitoo woliin jaalomu ammoo \q2 abbaa ifii salphisa. \q1 \v 8 Nami liqaa dhala gudda'aatiin qabeenna ede'atu, \q2 nama hiyyeessaa nawuuf hin kuusa. \q1 \v 9 Nama seeraaf hin ajajanne, \q2 daadimati isaatuu akka malee hin jibbisiisa. \q1 \v 10 Nami nama qajeelaa karaa hama'atti geessu, \q2 boolla ifumaa qote keessa hin bu'a; \q2 nami komii hin qanne ammoo \q2 waan dansaa hin dhaala. \q1 \v 11 Nami dureessi qaroo ifi seya; \q2 hiyyeessi hubantii qabu ammoo \q2 qorqoree keessa isaa hin beeka. \q1 \v 12 Nami balchaan yennaa injifatu, \q2 martinuu hin gammadan; \q2 nami hamaan yennaa baallii qabatu ammoo \q2 namooti hin dhokatan. \q1 \v 13 Nami cubbuu ifii dhoffatu, \q2 hin milkowu; \q2 nami cubbuu ifii faaci'atuu fi ka isii lakkisu ammoo \q2 marartii hin dhaggata. \q1 \v 14 Nami yennaa mara Mootii Waan Maraa sodaatu \q2 ka gammade; \q2 nami mataa jabaatu ammoo rakkinna keessa gala. \q1 \v 15 Bulchaan hamaan worra qarqaarsa hin qanne irratti \q2 akka neenqa dhangaa dhowuu \q2 yookiin akka doobbaa hiixatee woy qabuu ti. \q1 \v 16 Bulchaan hubantii hin qanne \q2 akka malee nama cunqursa. \q1 Ka bu'aa haqa hin te'in jibbu ammoo \q2 bara dheeraa hin le'a. \q1 \v 17 Nami nama ijjeese, \q2 haga du'utti baqataa hin le'a; \q2 nami tokkolle isa hin qarqaarin. \q1 \v 18 Nami komii hin qanne waan hantuu irra hin bu'u; \q2 nami micciiramaan ammoo dedhuma jiga. \q1 \v 19 Nami lafa qotatu sagalee bacaa hin qabaata; \q2 nami waan bu'aa hin qanne hordofu ammoo hin deega. \q1 \v 20 Nami addatamaan guddoo hin eebbifama; \q2 nami durumma'aaf ariifatu ammoo \q2 adoo hin adabamin hin hafu. \q1 \v 21 Nama wol caalchisuun dansa'aa moti; \q2 garuu nami bixee daabbo'oo takkatti'iif jedhee \q2 dokonkora huja. \q1 \v 22 Nami donni duroomiisaaf ariifata; \q2 hiyyuun akka isa eegattu hin beeku. \q1 \v 23 Nama afaaniin nama kookkisu caalaa, \q2 ka balleessaa namatti himee nama xixutti \q2 dhuma irratti saadama. \q1 \v 24 Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii saamee, \q2 «Kun dokonkoraa moti» jedhu, \q2 inni jaala nama woy balleessuu ti. \q1 \v 25 Nami joljolaan lola kakkaasa; \q2 nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo \q2 hin milkowa. \q1 \v 26 Nami ifitti addatu gowwa'a; \q2 nami qarumma'aan deddeebi'u \q2 ammoo waan hantuu irra hin bu'u. \q1 \v 27 Nami hiyyeessaaf kennu womaa hin dhabu; \q2 nami hiyyeessa ilaalee lakkisu ammoo \q2 abaarsa hedduu fudhata. \q1 \v 28 Yennaa namooti hamooleen baallii fudhatanu, \q2 kolbaan hin dhokatti; \q2 yennaa isaan badanu ammoo \q2 balchooti hin bacatti. \c 29 \q1 \v 1 Nami yennaa hedduu xixameen duuba didee mataa jabaatu, \q2 cannana fayyuu hin dandeenne dedhuma caba. \q1 \v 2 Balchooti yennaa baallii fudhatanu, \q2 kolbaan guddoo gammadi; \q2 yennaa nami hamaan bulchu \q2 ammoo kolbaan hin aaddi. \q1 \v 3 Nami qarummaa jaalatu, \q2 abbaa ifii gammachiisa; \q2 nami jaala sagaagaltu'uu te'u ammoo \q2 qabeenna ifii bittinneessa. \q1 \v 4 Mootiin haqa muriisaan biyya ifii hin jabeessa; \q2 ka safuu fudhatiisaaf joljolu ammoo \q2 biyya ifii hin balleessa. \q1 \v 5 Nami afaan calla'aan nama kookkisu, \q2 fonxoroo miila ifiititti afa. \q1 \v 6 Nami hamaan cubbuu ifiitiin qabama; \q2 nami balchaan ammoo hin faarfata; \q2 hin gammadalle'e. \q1 \v 7 Nami balchaan marroo haqa hiyyeessaatiif hin haajama; \q2 Nami hamaan ammoo haajaa hin qabu. \q1 \v 8 Namooti namatti murganu qachaa jeeqan; \q2 namooti qaroon ammoo aarii qabbaneessan. \q1 \v 9 Nami qaroon nama gowwaa woliin gara seeraa yoo dhaqe, \q2 gowwaan sun hin mufata \q2 yookiin hin murga; \q2 nageennille hin jiraatu. \q1 \v 10 Namooti dhiiga namaa dhangalaasanu, \q2 nama dhugaammessa jibban; \q2 nama qajeelaa ijjeesuu barbaadan. \q1 \v 11 Nami gowwaan yaada aarii ifii mara dubbata; \q2 nami qaroon ammoo ossaan ifi qabataa dubbata. \q1 \v 12 Bulchaan tokko oduu dharaa yoo caqase, \q2 qondaaltoti isaa martinuu hamoolee hin te'an. \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa isaan lamaaniifuu ila waan kenneef, \q2 hiyyeessii fi ka hiyyeessa cunqursulle tanaan woluma qixxe'e. \q1 \v 14 Mootiin hiyyeessaaf haqaan yoo mure, \q2 barcumaan mootummaa isaa \q2 bara dheeraa jabaatee hin dhaabbata. \q1 \v 15 Ijoollee xixanee adabuun qarummaa kennitiif; \q2 ijoolleen gad lakkifante ammoo haadha ifii qaanessiti. \q1 \v 16 Yennaa worri hamooleen baallii fudhatanu \q2 cubbuun hin bacatti; \q2 balchooti ammoo jinnana isaanii hin dhaggan. \q1 \v 17 Ijoollee teeti adabi; \q2 isaan foora si'iif hin kennan; \q2 gadhaa keetille hin gammachiisan. \q1 \v 18 Addee mudhiin hin jirre, \q2 kolbaan seera malee teeti; \q2 nami seera eegatu ammoo ka gammade. \q1 \v 19 Tajaajilaan afaan calla'aan hin adabatu; \q2 inni yoo hubateeyyuu deebii hin kennu. \q1 \v 20 Nama dubbii ariifatu dhaggitaa? \q2 Isa caalaa nama gowwa'atti addii qaba. \q1 \v 21 Nami tajaajilaa ifii ijoollummaa isaatii jalqabee qananiisu, \q2 dhuma irratti gadda ifitti fida. \q1 \v 22 Nami aarameessi lola kaasa; \q2 nami dafee mufatu cubbuu hedduu huja. \q1 \v 23 Nami ol ifi qabu salphinna ifitti fida; \q2 nami gad ifi qabu ammoo ulfinna dhaggata. \q1 \v 24 Nami jaala hattu'uu te'u ifi jibba; \q2 kakatee dhugaa akka bayuuf hin gaafatama; \q2 dhugaa bayiisaaf ammoo inni itti hin gamu. \q1 \v 25 Nama sodaatiis tiyyoo keessa nama seensisa; \q2 nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo nageyaan le'a. \q1 \v 26 Namooti hedduun bulchaa duratti \q2 fudhatama dhaggatiisa barbaadan. \q1 Nami ammoo muraa haqaa \q2 Mootii Waan Maraa biraa dhaggata. \q1 \v 27 Nami balchaan nama hamaa jibba; \q2 nami hamaalle nama qajeelaa jibba. \c 30 \s1 Jecha Aguurii Ilma Yaaqee \q1 \v 1 Jechi kun jecha Aguurii ilma Yaaqee ti; \q2 nami kun Itii'elitti, \q2 Itii'elii fi Ukaalitti dubbate, \q2 \v 2 «Ani nama mara caalaa daafana'a; \q2 hubantii nami qabu ani hin qabu; \q2 \v 3 ani qarummaa tokkolle hin baranne; \q2 ani marroo Waaqa Woyyichaalle womaa hin beeku. \q1 \v 4 Ka gara ol-gubba'aa ol dhaqee gad deebi'ee dhufe eennu? \q2 Ka qilleensa harka ifiitiin wolitti qabe eennu? \q1 Ka bisaan woyaa ifiitiin mare eennu? \q2 Ka qaccee lafaa mara jabeessee dhaabe eennu? \q1 Maqaan isaa eennu? Maqaan ilma isaa eennu? \q2 Ati yoo beettu teete, \q2 natti himi! \b \q1 \v 5 «Jechi Waaqaa marti dhuga'a; \q2 inni worra gara isaa baqate maraaf wonte'e. \q1 \v 6 Jecha isaa irratti hin ede'in; \q2 yoo akkas hin te'in inni si xixa; \q2 dharaamessalle teetee hin dhagganta» jedhe. \b \q1 \v 7 «Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani waan lama si kadhadha; \q2 adoo ani hin du'in \q2 waan kana lamaan na hin dhooggatin. \q1 \v 8 Sobaa fi dhara dubbatiisa na irraa fageessi; \q2 sagalee guyyuma guyya'aan naa barbaachittu naaf kenni malee, \q2 durumma'aa fi hiyyummaalle naa hin kennin. \q1 \v 9 Yoo akkas hin te'in, \q2 ani quufee si hin mormadha; \q1 ‹Mootiin Waan Maraa eennu inni?› si'iin hin jedha; \q2 yookiin hiyyoommadhee, \q2 hatee maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa keeti hin salphisa. \b \q1 \v 10 «Tajaajilaan akka si hin abaarre, \q2 atille akka hin rakkanne, \q2 marroo tajaajilaa tokkoo \q2 goottaa isaatitti isa hin hamatin. \q1 \v 11 Namooti abbaa ifii abaaranu, \q2 haadha ifiille ka hin saadanne jiran. \q1 \v 12 Worri qulluu ifi seyanee, \q2 ka battummaa ifii \q2 irraa hin qulqulloomin hin jiran. \q1 \v 13 Worri ilaalcha kooraa qabanu, \q2 ka ila tuffi'iitiin nama ilaalanu, \q2 \v 14 hiyyeessa lafa irraa, \q2 rakkataa odduu ilmaan namaatii \q2 nyaatanee balleessiisaaf, \q2 worri ilkaan isaanii shallaagaa, \q2 a'oon isaaniille billowa te'e jiran. \b \q1 \v 15 «Ulaa'ulti ijoollee durraa \q2 ta, ‹Kenni! Kenni!› \q2 jedhaa iyyitu lama qaddi; \q1 ‹Ijjumaa quufe› ka hin jenne \q2 waan saditti jira; \q2 ta arfeesso'oolle ijjumaa ‹Na geye› \q2 hin jettu: \q2 \v 16 isaanille, addee worri du'e jiru, \q2 gadaamessa maseena, \q2 lafa bisaan hin quunnee fi \q2 ibidda ijjumaa, ‹Na geye› hin jenne. \b \q1 \v 17 «Nama abbaa ifiititti murguu fi \q2 ajaja haadha ifiille tuffatu, \q2 harraaqessi gammoojji'ii ila isaa \q2 isa keessaa hin fuudha; \q2 rumichille isa hin nyaata. \b \q1 \v 18 «Wonni na baaseffachiisu sad yookiin \q2 afur ta hubatiisa hin dandeennetti jiraayyu; \q2 \v 19 isaanille, karaa risa'aa ka gubbaa irraa, \q2 karaa bofaa ka rassaa irraa, \q2 karaa hobolo'oo ka abbaayaa irraatii fi \q2 karaa dhiirtii fi dubartiin wol jaalatanu. \b \q1 \v 20 «Karaan dubartii gaarayyeeffattu'uu kana: \q2 Isiin nyaattee afaan ifii haxowattee, \q2 ‹Ani womaa dokonkora hin hunye› jetti. \b \q1 \v 21 «Latti waan sadiiniin yookiin afuriin tachooti; \q2 dandeetteelle hin ba'attu; \q2 \v 22 isaanille, garbichi yennaa mootii te'e, \q2 gowwaan yennaa quufe, \q2 \v 23 dubartiin jibbatante yennaa dhirsa dhaggattee fi \q2 garbittiin yennaa addee giittii ifii fudhate. \b \q1 \v 24 «Wonni didiqqoon afur, \q2 ka guddoo qaroo te'an biyya lafaa irra jiran: \q2 \v 25 mixaan hunna hin qabu, \q2 te'uu malee sagalee ifii bona wolitti qabata; \q1 \v 26 Osoleen hunnaa hin qaddu, \q2 te'uu malee odduu rassa'aatitti galti; \q1 \v 27 Awwaannisi mootii hin qabu, \q2 te'uu malee akka loltootaa seeraan ideema. \q1 \v 28 Qarcoon\f + \fr 30:28 \fr*\fqa Qarcoon: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti lootuu jedhanti.\ft*\f* harkaan qabamuu dandeetti; \q2 te'uu malee mana mootumma'aa keessatti dhagganti. \b \q1 \v 29 «Wonni ideensa tolanu sad yookiin afur \q2 ka arnya ulfinnaa qabanu jiran: \q1 \v 30 Neenqa bineensota mara keessaa jaba'aa, \q2 ka waan mara irraa duubatti hin deebine; \q2 \v 31 kormi lukku'uutii fi \q2 korbeessi re'e'ee ka bondhooranu, \q2 mootii loltoota ifiitiin marfamee ideemu. \b \q1 \v 32 «Gowwaa teetee, yoo ol ol ifi qadde, \q2 yookiin hantuu yoo yaadatte, \q2 afaan keeti qabadhu. \q1 \v 33 Akkuma aanan raasiis dhadhaa baasu, \q2 akkuma funnaan micciiriis dhiiga baasu, \q2 tuttuqanee nama aarsuun lola kaasa» jedhe. \c 31 \s1 Gorsa Mootichaaf Kenname \p \v 1 Jechi asii gadii kun ka haati Lemu'elii mootichaa isa barsiitte: \q1 \v 2 «Ee ilma kiyya, \q2 ilma gadaamessa kiyyaa, \q2 ilma Waadaa kiyyaa, \q2 \v 3 hunna teeti dubartoota irratti hin fixin; \q2 yennaa teetille dubartoota mootota balleessitu irratti hin fixin. \b \q1 \v 4 «Ee Lemu'el, moototi daadhii woyni'ii unuu hin qabanu; \q2 bulchitootille untoo nama macheessitu unuu hin qabanu. \q1 \v 5 Isaan yoo unane, \q2 seera hin dedhan; \q2 worra cunqurfame mara haqa hin dhooggan. \q1 \v 6 Untoo nama macheessitu, \q2 nama badiisatti jiruuf, \q2 daadhii woyni'iille nama farra hantuu keessa jiruuf kenni. \q1 \v 7 Isaan unanee hiyyummaa ifii dedhanuu ti; \q2 farra ifiille deebi'anee hin qaabatin. \b \q1 \v 8 «Ati worra ifiif dubbatuu hin dandeenneef dubbadhu; \q2 worra qarqaarsa hin qanne maraaf falmadhu. \q1 \v 9 Dubbadhu; \q2 dhugaa muri. \q1 Haqa hiyyeessaatii fi \q2 rakkata'aatiif falmadhu» jette. \s1 Niitii Amala Dansaa qaddu \q1 \v 10 Niitii qalbii qaddu eentu dhaggatuu dande'a? \q2 Isiin dooqa diimaa caalti. \q1 \v 11 Dhirsi isi'ii gadhaa tokkochaan isii addata; \q2 Inni waan tokkolle hin dhabu. \q1 \v 12 Bara jiruu isi'ii mara waan dansaa isaaf gooti malee, \q2 waan hantuu isa irratti hin hujju. \q1 \v 13 Isiin rifeensa hoole'eetii fi quncee talba'aa barbaaddee, \q2 harka ifiitiin woyaa dhootti. \q1 \v 14 Isiin akkuma hoboloota gugurdoo daldaltootaa, \q2 biyya fago'oo irraa sagalee fiddi. \q1 \v 15 Isiin ganama adoo latti hin bari'in kaatee, \q2 maatii ifiitiif sagalee kenniti; \q2 durra tajaajiltoota ifiitiifille \q2 hujii isaanii itti qooddi. \q1 \v 16 Isiin fichaa qorqortee bitatti; \q2 bu'aa hujii harka ifiitiin \q2 muka woyni'ii dhaabbatti. \q1 \v 17 Isiin hunnaan hujii ifii hujatti; \q2 irreen isi'iille huji'iif jaddu'u. \q1 \v 18 Hujiin isi'ii bu'aa akka qaddu hin beetti; \q2 issaan isi'iille halkan hin dhaamu. \q1 \v 19 Harka ifiitiin fuuttaa qabatti. \q2 Quba ifiitiin liqaaqaa irbiti. \q1 \v 20 Isiin hiyyeessaaf hin kenniti; \q2 rakkataalle hin qarqaarti. \q1 \v 21 Maatiin isi'ii martinuu \q2 woyaa qorra nama irraa dhooggitu waan qabanuuf, \q2 yennaa rooba dhaka'aa isaaniif hin yaaddottu. \q1 \v 22 Isiin woyaa taqee ifii irra afattu dhowatti; \q2 isiin woyaa dansaa quncee talba'aa irraa hujantee fi \q2 woyaa dhiillee uffatti. \q1 \v 23 Dhirsi isi'ii jaarsolee biyyaa odduu, \q2 badhinna karra qacha'aa yennaa tee'u ulfinna qaba. \q1 \v 24 Isiin quncee talba'aa irraa woyaa dhoottee gurgurti; \q2 daldaltootaafille hiituu gurgurti. \q1 \v 25 Isiin hunnaa fi ulfinna akka woya'aa uffatti; \q2 bara dhufaaru itti gammaddi. \q1 \v 26 Isiin qarumma'aan dubbatti; \q2 afaan isi'ii keessa barsiisa dansa'atti jira. \q1 \v 27 Isiin jireenna maatii ifii akka dansaa eeddi; \q2 isiin booseyaa moti. \q1 \v 28 Ijoolleen isi'ii lafaa kaatee, \q2 «Gammadee» jettee isii waanti; \q2 abbaan manaa isi'iille akkasuma jedhaa, isii leellisaa, \q1 \v 29 «Dubartooti hedduun waan dansaa hujaneeran; \q2 ati ammoo isaan mara hin caalta» jedhaan. \q1 \v 30 Miidhagiis nama soba; \q2 dansummaan hin baddi; \q2 dubartiin Mootii Waan Maraa sodaattu ammoo hin leellifanti. \q1 \v 31 Bu'aa hujii isi'iitiif badhaasa kenna'aaf! \q2 Hujiin isi'ii badhinna karra \q2 qacha'aatitti isii leellittuu ti.