\id PHP - Guji Bible \ide UTF-8 \h Worra Filiphisiiyuusii \toc1 Ergaa Phawuloos Gara Worra Filiphisiiyuusii Erge \toc2 Worra Filiphisiiyuusii \toc3 Filp. \mt2 Ergaa Phawuloos Gara \mt1 Worra Filiphisiiyuusii \mt2 Erge \imt Seensa \ip Phawuloos ergaa tana wolde'a kiristaana Filiphisiiyuusii, ka bulchiinsa worra Rooma'aa, lafa Meqedooniyaa jedhantu keessatti dhaggamuuf barreesse; wolde'i kiristaanaa kun ka Phawuloos lafa Awuropha'aatitti qara dhaabe; ergaan tun yennaa Phawuloos mana hidha'aa jiru barreeffante; tajaajiltoota kiristaanaa dhibii irraa yennaa mormiin isa dhaqqaddee fi wolde'a kiristaanaa ka Filiphisiiyuusii keessatti barumsa dharaa ka'een yennaa gadhaan isaa gaddaan gubate barreesse. Te'uu malee dhugeeffannaan Phawuloos Yesuus Kiristoositti qabu jadduu waan teeteef, ergaa tana keessatti irra caalaa ka mudhatu gammadaa fi ifi-addii guutu'u. \ip Sababi Phawuloos ergaa tana barreesseef: ka qaraa, yennaa rakkinna isaa, dhugeeffattooti Filiphisiiyuusii isa qarqaariisaaf kennansa waan erganeeranuuf isaan galateeffatiisa; rakkinni adda addaa isaa fi isaan dhaqqabulle, jabeennaa fi ifi-addii akka qabaatanu, tanuma keessa isaan jajjabeessa. Ifi jajiisaa fi waan qabanuun kooriisa lakkisanee, gadhi-laafummaa Yesuus Kiristoosiitiin akka guutamanu jabeessee yaadachiisa; Yesuus Kiristoos woliin Ayyaanaan tokko te'iisaan jiruu dhaggatane kennansa badhaadha Waaqaa irraa ka maddee fi ka dhugeeffanna'aan fudhatane malee, seera muummessiisaan ka dhaggamee moti jedhiisaan isaan qaabachiisa; worra Yesuus Kiristoos woliin tokkumma'aan jiraatu maraaf nageyaa fi gammada Waaqi kennu, isaaniif barreessa. \ip Ergaan tun gammada, ifi-addii, tokkummaa, dhugeeffanna'aa fi jajjabeenna jiruu kiristaanaa caalchittee mudhisiisaan beekkanti. Dabalamaan, jaalala guddaa ergamaan Phawuloos wolde'a kiristaana Filiphisiiyuusiitiif qabu mudhisa. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-11\ior* \io1 Haala Phawuloos keessa ture\ior 1:12-26\ior* \io1 Le'ii Kiristoosiin le'anu\ior 1:27—2:18\ior* \io1 Yaada Ximootewoosii fi Epafrodiitusiif jiru\ior 2:19-30\ior* \io1 Ifi eeggannoo diinotaa fi worra balaa fidu irratti kenname\ior 3:1—4:9\ior* \io1 Galataa fi gorsa Phawuloos dhugeeffattoota Filiphisiiyuusiitiif dhikeesse\ior 4:10-20\ior* \io1 Yaada buufataa\ior 4:21-23\ior* \c 1 \p \v 1 Tajaajiltoota Yesuus Kiristoosii ka teene Phawuloosii fi Ximootewoos irraa:\x - \xo 1:1 \xo*\xt HuE. 16:12\xt*\x* \p Worra qachaa Filiphisiiyuusii keessa le'u, ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin balchoome maraaf, akkasuma toowattootaa\f + \fr 1:1\fr*\fqa Toowattoota: \fqa*\ft Sooreyyii\ft*\f* fi gargaartuu\f + \fr 1:1\fr*\fqa Gargaartuu: \fqa*\ft Daaqonoota\ft*\f* wolde'a kiristaanaatiif: \p \v 2 Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu! \s1 Galataa Fi Daadimannaa Phawuloosii \p \v 3 Ani yennaa isin qaabadhu maraa Waaqa galateeffadha; \v 4-5 Guyyaa qaraatii jalqaddanee haga ammaa hujii Oduu Gammadaa keessatti waan hirmaattaneef, yennaa isin maraaf daadimadhu maraa gammadaan daadimadha. \v 6 Waaqi hujii dansaa isin keessatti jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufuutitti, akka muummessu ani mama hin qabu. \v 7 Yennaa ani amma hidhameeruu fi adoo hin hidhamin Oduu Gammadaatiif falmadhuu fi isii jabeessu, isin martinuu na woliin badhaadha Waaqaa waan qoodantaneef, yennaa mara gadhaa kiyya keessa jirtan. Maarre marroo teessaniif yaadi natti dhage'amiisatti jiru sirri'i. \v 8 Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin attam akka ani isin maraa dharra'u Waaqi hin beeka. \p \v 9 Jaalalli keessan beekkumaa fi hubanti'iin ka guutame te'ee ittuma akka guddatuuf hin daadimadha. \v 10 Waan irra caalu qorattanee akka beettanuu fi yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu qulliyye'ee fi komii malee akka dhaggantanuuf ani tana godha. \v 11 Akka kanaan jiruun teessan midhaan balchumma'aa, ka Yesuus Kiristoosiin dhaggamuun ta guutante teetee, ka ulfinnaa fi galata Waaqaaf dhaggisiittanu hin teetan. \s1 Jiruu Jechuun Kiristoosiin Le'iisa \p \v 12 Obboleeyyan tiyya! Wonni na dhaqqabe maraa, Oduun Gammadaa akka badhattu akka godhe, akka beettanu barbaada. \v 13 Akka ani Kiristoosiif jedhee hidhame, eedduu mana mootumma'aatii fi worra dhibii maraa biratti beekkameera. \v 14 Waan ani hidhameef dhugeeffattoota keessaa hedduun Gootta'atti addataneeran; jecha Waaqaa sodaa malee lallabiisaafille ka qaraa caalaa jabeenna dhaggataneeran. \p \v 15 Worri gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een Kiristoos lallaban; worri kuun ammoo fedha dansa'aan lallaban. \v 16 Worri jaalala dansa'aan Kiristoos lallabu, akka ani Oduu Gammadaatiif falmatiisaaf as keyameeru hin beeka. \v 17 Worri halchaa fedha ifii hordofiisaan dabaan Kiristoos lallabu ammoo, hidhamuu kiyya irratti rakkinna dabaliisaaf yaadatanee lallaban. \v 18 Womaa moti! Fakkeessiisaanille te'ee, dhuga'aanille te'u karaa maraan Kiristoos lallabameera! Ani kanatti hin gammada. Haganaa achille ittuma hin gammada; \v 19 sababille daadimannaa keessanii fi qarqaarsa Ayyaana Yesuus Kiristoosiitiin akka bilisa bawu hin beeka. \p \v 20 Karaa tokkolle'een akka ani hin qaanonne, halcha'aa fi addiin tiyya san; ammoo akkuma yennaa maraa tolchu, amma jiru'uun yookiin du'aan Kiristoos nafa kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu hin qabaadha. \v 21 Maarre jiruu jechuun naaf Kiristoosiin le'iisa, duutille bu'aa tiyya. \v 22 Ani yoo fooniin jiraadhe, sun naaf hujii midhaan qaddu ittuma hujiisa; ammoo kam akka filadhu hin beeku. \v 23 Waan lamaan kanaan rakkadheera: ani le'ii tana lakkisee, Kiristoos woliin le'uu fedha; kun waan mara caalaa naaf woyya. \v 24 Te'uu malee fooniin jiraachuun kiyya isiniif caalaa barbaachisa'a. \v 25 Ani kana hubatiisaan, akka isin dhugeeffanna'aan guddattanuu fi akka gammaddanu, isin maraa bira akka turuu fi akka jiraadhu beekeera. \v 26 Ani yennaa deebi'ee gara keessan dhufe, booniisi isin Kiristoos Yesuusiin qaddanu sababa kiyyaan hin fakkana. \p \v 27 Isinummaan akka Oduun Gammadaa ta Kiristoosii jettutti jiraadha'a; tana yoo gootane, ani dhufee yoo isin dhagge yookiin fagoo jiraadhee waan keessan yoo dhage'e, dhugeeffannaa Oduu Gammadaatiif akka nama tokkoo teetanee falmatiisaan ayyaana tokkochaan jabaattanee akka dhaabbattanu hin beeka. \v 28 Waan tokkolle'een mormitoota teessan sodaattanee hin raafamina'a! Jabeenni kun Waaqa irraa isiniif kenname; kunille isaaniif beessisa badi'ii ti; isiniif ammoo beessisa fayyinnaa ti. \v 29 Carraa Kiristoositti dhugeeffatiisaa callaa adoo hin te'in, carraan isaaf rakkinna fudhatiisaalle, isiniif kennameera. \v 30 Tanaaf akkuma kanaan dura rakkinni na geyeeruun dhaggitanee fi akkuma ammalle na geyiisatti jiruun dhageettanu, isinille rakkinnuma san fudhatiisatti jirtan.\x - \xo 1:30 \xo*\xt HuE. 16:19-40\xt*\x* \c 2 \s1 Fakkeenna Te'iisa Ifi Gad Qabuu Kiristoosii \p \v 1 Kiristoosiin jabeenna, jaalala isaatille'een jajjabeenna\f + \fr 2:1\fr*\fqa Jajjabeenna: \fqa*\ft Tassiifama\ft*\f*, Ayyaana Woyyicha wolille'een tokkummaa yoo qabaattane, mararti'ii fi gadhi-laafummaa woliif yoo mudhittane, \v 2 yaada tokko te'iisaan, jaalala tokko qabaatiisaan, ayyaanaa fi kaayo'oon tokko te'iisaan gammadi kiyya guutuu akka te'u tolcha'a. \v 3 Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa'aatii ilaala'a malee, halchaa ifi jaalatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina'a! \v 4 Nami martinuu bu'aa worra dhibi'iille ilaaluutii malee, bu'aa ifii callaa hin ilaalin! \v 5 Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha'a: \q1 \v 6 Inni yennaa maraa adaba waaqumma'aa adoo qabuu, \q2 ulfinna waaqumma'aa, ka Waaqa woliin isa qixxeessu \q2 lakkisiis akka hin malleetitti hin laakkonne. \q1 \v 7 Ammoo ulfinna ifii lakkisee\f + \fr 2:7\fr*\fqa Ulfinna ifii lakkisee: \fqa*\ft Afaan Giriikiitiin, «duwwaa ifi godhe» jedha\ft*\f* \q2 akka garbaa te'ee mudhate; \q2 akka namaa te'ee dhalate; \q2 nama fakkaatee mudhate. \q1 \v 8 Ifi gad qabee, \q2 haga du'aatitti, \q2 haga fannifamee du'ulle'etti, ka ajajamu te'e. \q1 \v 9 Tanaaf Waaqi isa guddisee ol aansee, \q2 maqaa maqaa mara caalulle kenneef. \q1 \v 10 Tanaaf worri ol-gubbaa jiru, \q2 worri lafa irra jiruu fi worri lafa jala jirulle martinuu, \q2 ulfinna maqaa Yesuusiitiif hin jilbiiffatan. \q1 \v 11 Arrabi martinuu, \q2 ulfinna Waaqa Abba'aatiif, \q2 Yesuus Kiristoos Goottaa akka te'e, \q2 dhugaa baasee hin dubbata. \s1 Biyya Lafaa Keessatti Akka Ifaa Issuu \p \v 12 Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Yennaa mara akkuma ajajantane, yennaa ani isin bira jiru callaa adoo hin te'in, irra caalaa yennaa ani amma isin bira hin jirre ajajama'a! Soda'aa fi rommiisaan fayyinna keessan muummessiisaaf ittuma huja'a; \v 13 sababille yaada isaa muummessiisaaf, fedha akka qabaattanu ka isin keessatti huju Waaqa. \p \v 14 Waan mara gungumiisaa fi moromaa malee godha'a! \v 15 Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota micciirama'aa fi hamaa kana keessatti akka urji'ii hin issitan. \v 16 Jecha jiru'uu jabeessitanee yoo qabattane, rukke'ee fi dadhabbiin tiyya gatii malee waan hin hanneef, guyyaa Kiristoos mura'aaf dhufu waan ittiin ifi jaju hin qabaadha. \p \v 17 Ciinca'aa fi kennaa isin dhugeeffanna'aan Waaqaaf kennitanu irratti, dhiigi kiyyalle akka dhibaayyu'uu adoo dhibaafamelle'ee ani hin gammada, isinille gammada kiyya na woliin hin qoodantan. \v 18 Akkasuma isinille gammaddanee, gammada keessan na woliin qoodamuu qaddan. \s1 Tajaajila Ximootewoosiitii Fi Ephafrodixosii \p \v 19 Marroo teessan dhage'ee gadhaan kiyya akka gammaduuf, dafee Ximootewoos gara keessan ergiisaaf Goottaa Yesuusitti addii godhadha. \v 20 Nama nageya keessaniif gadha'aan isiniif yaadatu ani isa malee hin qabu. \v 21 Worri kuun maraa Yesuus Kiristoosiif adoo hin te'in, bu'aa ifii barbaadatan. \v 22 Ximootewoos ammoo nama addatam isaa mirkanaaye akka te'e, na wolille'een akka abba'aa fi ilmaa teenee, hujii Oduu Gammadaa hujaa akka turre isinuu hin beettan. \v 23 Dubbiin tiyya maan akka teetu akkuma beekeen isa gara keessan akka ergu hin addadha. \v 24 Aninuu gara keessan dafee akka dhufu Gootta'atti addii qaba. \p \v 25 Akkasuma, obboleessa kiyya Ephafrodixos, ka cinaa tiyya dhaabbatee loltichaa fi waa'ela hujii tiyyaa te'e, ka waan naaf barbaachiseen akka ana tajaajiluuf isin ergitane, ergamaa keessan san deebisee gara keessan erguun barbaachisaa teetee natti mudhatteerti. \v 26 Inni isin maraa dhaggiisaaf dharra'eera; akka inni dhukkuffateeru waan dhageettanelle'eef yaadeera. \v 27 Inni dhugumaan akka malee dhukkuffatee du'a geyeeraayyu. Waaqi ammoo isaaf marareera; isa calla'aaf adoo hin te'in, akka ani gadda irratti gadda hin dabalanneef analle'eef marareera. \v 28 Tanaaf isin isa deebitanee dhaggitanee akka gammaddanuu fi gaddi kiyyalle akka goomuuf, isa gara keessan ergiisaaf guddoo fedheera. \v 29 Maarre maqaa Gootta'aatiin gammada guutu'uun isa fudhadha'a; nama akka isaa jiru mara ulfeessa'a. \v 30 Qarqaarsa isin naaf kennuu hin dande'in guutiisaaf jedhee, adoo jiruu ifiitiifille hin qorin, hujii Kiristoosiitiif du'a geyeeraayyu. \c 3 \s1 Balchummaa Dhugittii \p \v 1 Muummee irratti, obboleeyyan tiyya! Gootta'atti gammada'a; waan kanaan dura isiniif barreesse irra deebi'ee yoo isiniif barreesse na hin bagsiisu; kun isinille dokonkora irraa hin eega. \v 2 Worra akka sare'ee foon nafa namaa kukkutiisaan\f + \fr 3:2\fr*\fqa Foon nafa namaa kukkutiisaan: \fqa*\ft Haqanqabaa qabiisaan\ft*\f*, hantuu godhu irraa ifi eeggadha'a! \v 3 Nuuti worra Ayyaanaan Waaqa waaqonfannuu fi worra Yesuus Kiristoosiin ifi jajnu malee, worra sirna fooniititti addannu waan hin te'iniif, dhugumaan haqanqabaa qabanneerra. \v 4 Adoo waan ifi jajiis barbaachisaa te'e, ani waan heddu'uun ifi jajiisaaf hin dande'a; nami sirna fooniitiin ifi jaju yoo jiraate, ani isa caalaa waan ittiin ifi jaju qaba. \v 5 Dhaladhee guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabadhe; sanyii Israa'elii, gosa Beniyaamii keessaa dhaladhe. Abbaan kiyyaa fi haati tiyya Ibroota waan te'aneef ani Ibraawicha makaa hin qanne; karaa seera eegatiisaatille'een, ani worra Fariisaayotaa keessaa tokko.\x - \xo 3:5 \xo*\xt HuE. 23:6; 26:5; Rom. 11:1\xt*\x* \v 6 Seera kanaaf hinaafiisaan wolde'a kiristaanaa miidhaa ture; balchummaan seera eegatiisaan waan dhaggantu adoo teetee, ani komii hin qabuuyyu. \p \v 7 Amma ammoo Kiristoosiif jedhee, waan bu'aa naaf qabu maraa akka waan bu'aa hin qanneetitti laakkoweera. \v 8 Kana calla'aa moti; Goottaa kiyya Yesuus Kiristoos beekuun, waan mara waan caaluuf, ani waan maraa akka waan bu'aa hin qanneetitti hin laakkowa; Kiristoos bu'aa kiyya godhatiisaaf kun maraa naaf waan bu'aa hin qanne te'eera; akka kosi'iille laakkoweera. \v 9 Akkisiin ani ka Kiristoosii te'ee dhaggame. Maarre balchummaan tiyya ta seera eeggatiisaan dhaggante adoo hin te'in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan ta dhaggante; balchummaan tun Waaqa irraa dhutti; dhugeeffannaa irralle'etti hundootti. \v 10 Ani Kiristoosii fi hunna du'aa ka'a isaa beekuu, rakkinna isaa qoodamu'uu fi du'alle'een isa fakkaatuu barbaada. \v 11 Du'aa ka'ee akka jiraadhu hin addadha. \s1 Gara Waan Yaadatamee Geyiisaaf Rukkisuu \p \v 12 Kana maraa dhaggadheera yookiin guutadheera jechu'uu moti; ammoo Kiristoos ka ifii na godhatee badhaasa naaf qopheesse san harkatti galfatiisaaf hin mixiixxadha. \v 13 Obboleeyyan tiyya! Ani ammalle akka waan harka keessa galfadheetitti hin laakkowu. Te'uu malee ani waan tokko hin godha; waan duubatti hafe lakkisee, gara waan na dura jiruutitti hiixadha. \v 14 Badhaasa kiyya dhaggatiisaafille gara yaada na dura jiruu rukkisa; badhaasi kunille jiruu Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara ol-gubba'aa na waamee naaf kennu. \v 15 Yoona nuuti worri jiruu ayyaanaatiin bilchaanne maraa yaada tokko qabaatuu qanna; waan tokko tokko irratti yaada adda addaa yoo qabaattanelle, Waaqi sanille isiniif hin mudhisa. \v 16 Te'uu malee waanuma duraan baranne callaa jabeessinee qabannuu ti. \p \v 17 Obboleeyyan tiyya! Fakkeenna kiyya hordofiisatti hirmaadha'a! Worra fakkeenna keenna hordofulle hubadha'aa ilaala'a!\x - \xo 3:17 \xo*\xt 1 Qor. 4:16; 11:1\xt*\x* \v 18 Kanaan dura akkuma yennaa hedduu isinitti hime, ammalle imimmaaniin isinitti hima; worri hedduun fannoo Kiristoosiitiif diina te'aneeran. \v 19 Muummeen isaanii badi'i; gadhaan isaanii waaqa isaanii ti; salphinni isaaniif ulfinna; waan lafaa qofa yaadatan. \v 20 Nuuti ammoo nama biyya ol-gubba'aa ti; nuuti Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, Fayyisaa achii dhufu dharra'aan eeganna. \v 21 Inni hunna ittiin waan mara baallii ifii jala godhuun, nafi keenna salphataan kun, nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira. \c 4 \s1 Gorsa Muumme'ee \p \v 1 Maarre tanaaf, obboleeyyan tiyya ta ani jaaladhuu fi dharra'u, ta gammadaa fi kallacha kiyya teetane\f + \fr 4:1\fr*\fqa Kallacha kiyya teetane: \fqa*\ft Ta ani isiniin gammaduu fi boonu\ft*\f*, Gootta'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a. \p \v 2 Obboleettoti teenna Ewodiya'aa fi Sinxiikeen maqaa Gootta'aatiin gadhaa tokko akka te'anu daadimadha. \v 3 Atille waa'elli kiyya addatamaan, dubartoota tana akka qarqaartuuf si kadhadha; dubartooti tun, Kilemensii fi worra dhibii worra maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti barreeffame, lansoota tiyya woliin te'anee, Oduu Gammadaa dhaqqassiisiisaaf na woliin jabaatanee hujaneeran. \p \v 4 Yennaa mara Gootta'aan gammada'a! Ittuma deebi'ee jedha, gammada'a! \v 5 Qajeelummaan teessan nama mara biratti ta beekkante teetuu ti; Goottaan dhufiisa geyeera. \v 6 Maarre daadimataan, gaaffi'ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa'a malee waan tokkolle'eef hin yaadina'a. \v 7 Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha'aa fi qalbii teessan hin eega. \p \v 8 Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa'aa fi waan galateeffachiisuun guuta'a: waan dhugaa te'e, waan ulfinnaa, waan sirrii te'e, waan qulluu te'e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha'a! \v 9 Waan na irraa barattane, waan na irraa fudhattane, waan na irraa dhageettanee fi waan ani hujuun dhaggitane maraa isinille tolcha'a! Waaqi abbaan nageyaa isin woliin hin jiraata. \s1 Phawuloos Kennansa Ergameef Galateeffate \p \v 10 Yennaa heddu'uun duuba ammalle naaf yaadatuu waan jalqaddaneef, ani Gootta'atti guddoo gammada. Duraanuu dhugumaan naaf yaadataa turtane; huji'iin mudhisiisaaf ammoo daguu hin dhagganne. \v 11 Kana jechuun kiyya ani gatameera jechu'uu moti; ani, «Ka qabuu na geya» jechuu baradheera. \v 12 Ani waan diqqo'oo fi haga barbaachisuun caalaalle horatiis maan akka te'e beeka; maarre ani dhossaa haala maraa fi addee maratti quufaa fi beelaan, haga naa barbaachisuun gadii fi haga naa barbaachisuun ol qabaatiisalle baradheera. \v 13 Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande'a. \p \v 14 Te'uu malee rakkinna kiyya waan qoodantaneef, dansaa gootaneertan. \v 15 Yennaa ani jalqaba Oduu Gammadaa lallabiisaaf Maqedooniya'aa baye, isin malee wolde'i kiristaanaa tokkolle kenniisaa fi fudhatiisaan na qarqaariisaaf akka hin hirmaatin, isin worri Filiphisiiyuusii hin beettan.\x - \xo 4:15 \xo*\xt 2 Qor. 11:9\xt*\x* \v 16 Yennaa ani Tasalonqeelle'etti rakkadhe, itti deddeebitanee qarqaarsa naaf ergitaneertan.\x - \xo 4:16 \xo*\xt HuE. 17:1\xt*\x* \v 17 Kenniisaan ittuma eebba akka dhaggattanuuf malee, kennaa teessan dhaggatiisaaf barbaadeetii moti. \v 18 Waan naaf barbaachisuu fi haga naaf barbaachisuun caalaalle fudhadheera; kennaa isin naa ergitane harka Ephafrodixosii irraa fudhadhee naa mijootteerti; kennaan teessan tun, akka ciincaa uddaa qabuu, ka Waaqi fudhatuutii fi itti gammaduu ti. \v 19 Waaqi kiyyalle durummaa ulfinna ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin, waan isiniif barbaachisu maraa isiniif hin mijeessa. \v 20 Waaqa Abbaa keennaaf ulfinni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen. \s1 Dhaansa Nageyaa \p \v 21 Kolbaa Waaqaa maratti maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nageya naaf hima'a; obboleeyyan asi na woliin jirtulle nageya isiniif dhaanti. \v 22 Kolbaa Waaqaa mara, keessattuu worri mana mootii worra Rooma'aa keessa jiru nageya isiniif dhaama. \p \v 23 Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.