\id NUM - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Seera Laakkossaa \toc1 Kitaaba Seera Laakkossaa \toc2 Kitaaba Seera Laakkossaa \toc3 Lak. \mt1 Kitaaba Seera Laakkossaa \imt Seensa \ip Kitaab seera laakkossaa kolbaan Israa'elii gaara Siina'aa yennaa lakkisaneen jalqabanee, haga lafa Waaqi isaaniif kenniisaaf waadaa gale gara aduun baatu geyanutti, dabarsii isaanii ta gara woggaa afurtamaa hima. Maqaan kitaaba kanaa dabarsii kitaaba kanaa keessaa kutaa ifatti mudhattu odeessa; kunille Israa'elooti gaara Siina'aa lakkisanee deemiisaan dura, akkasuma dhaloota tokkoon duuba, galaana Yordaanosiitiin gara aduun baatutti, Mo'aab keessatti, laakkossa Muuseen kolbaa laakkowe ilaala. Laakkossa lamaan san wodhakkaa yennaa jirtu keessatti Israa'elooti kibba Kana'aanii, Qaadesh Barnee geyaneeraniiyyu. Teetuu malee karaa saniin gara lafa waadaan isaaniif galamee galiisa hin dandeenne. Adaala sanitti woggoota hedduu dabarsaneen duuba, gara lafa galaana Yordaanosiitiin gara aduun baatuu deemane. Kolbaan gariin achuma le'iisaaf murteeffattee, worri hafe ammoo galaana Yordaanosii gamatti bu'anee gara Kana'aanii deemiisaaf qopheeffatane. \ip Kitaab seera laakkossaa dabarsii worra yennaa hedduu rakkoon isaan irra yennaa dhaqqaddu sodaatuutii fi addii kutatuu, ka Waaqaa fi Muusee Waaqi sooressa isaanii akka te'uuf muude irratti ka'uu ti. Isaan worra hin ajajannee fi dadhaboolee te'anulle, Waaqi addatamumma'aan kolbaa ifii akka kunuunse dabarsii odeessitu; akkasuma Muuseen yennaa tokko tokko ossa dhabulle, Waaqaa fi kolbaa ifiitiif jabaatee akka dhaabbate dabarsii odeessitu. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Israa'elooti Gaara Siina'aa Lakkisanee Deemiisaaf Qophowane\ior 1:1—9:23\ior* \io2 Laakkossa Jalqabaa\ior 1:1—4:49\ior* \io2 Seeraa Fi seeraa Ittiin Bulmaataa Ka Adda Addaa\ior 5:1—8:26\ior* \io2 Jila Irra Dabaramaa Ta Lammeesso'oo\ior 9:1-23\ior* \io1 Gaara Siina'aatii Gara Mo'aabii\ior 10:1—21:35\ior* \io1 Waan Mo'aab Keessatti Te'e\ior 22:1—32:42\ior* \io1 Yaadannoo Ideensa Gibxii Irraa Gara Mo'aabii\ior 33:1-49\ior* \io1 Galaana Yordaanosii Gamatti Bu'iisaan Dura Gorsa Kenname\ior 33:50—36:13\ior* \c 1 \s1 Laakkossa Kolbaa Israa'elii Ka Jalqabaa \p \v 1 Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'iitii baatee woggaa lammeesso'ootitti, ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaa, goomolee Siina'aa keessatti, Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti Waaqi Muuse'etti dubbate. Inni Muuse'een, \v 2 «Kolbaa Israa'elii duudii akka gosa gosa isaaniititti, akka maatii maatii isaaniititti dhiira ka te'ane mara laakkowiitii maqaa isaanii galmeessi! \v 3 Atii fi Aaron kolbaa Israa'elii keessaa dhiira worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loluu dande'anu mara akka kutaa kutaa isaaniititti laakkowa'a! \v 4 Gosa tokko tokkooyyuu keessaa nami tokko, ka sooressa maatii ifii te'e, isin qarqaaruu ti. \v 5 Maqaan worra isin qarqaaruu: \li1 gosa Ruubenii keessaa, ilma Shiide'urii Eliizur; \li1 \v 6 gosa Shimi'oonii keessaa, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el; \li1 \v 7 gosa Yihuda'aa keessaa, ilma Aminaadaabii Nahasoon; \li1 \v 8 gosa Yisaakorii keessaa, ilma Zuwaarii Nataani'el; \li1 \v 9 gosa Zebuloonii keessaa, ilma Helonii Eliiyaab; \li1 \v 10 ilmaan Yoseefii gosa Efreemii keessaa, ilma Amiihudii Eliishaama'a; gosa Minaase'ee keessaa, ilma Phedaazurii Gamaali'el; \li1 \v 11 gosa Beniyaaminii keessaa, ilma Giidewonii Abiidaan; \li1 \v 12 gosa Daanii keessaa, ilma Amiishadaayii Ahii'ezer; \li1 \v 13 gosa Aheerii keessaa, ilma Okraanii Fagi'el; \li1 \v 14 gosa Gaadii keessaa, ilma Dewu'elii Elii'aasaaf; \li1 \v 15 gosa Naftaalemii keessaa, ilma Enaanii Ahiira'a» jedhe. \p \v 16 Kolbaa hedduu keessaa, sooressitooti gosa abbootii isaanii ta durii, maatii kolbaa Israa'eliitiif worri mataa te'anee filamane isaan kana. \v 17 Muuse'ee fi Aaron worra maqaan isaanii dhowame kana fudhatanee, \v 18 ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaa, wolde'a gumi'ii mara wolitti qabanee, dhiira worra woggaa diddamaatii fi diddamaa olii, akka gosaa fi maatii isaaniititti, tokko tokkoon maqaan isaanii galmeessane. \v 19 Akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti, Muuseen goomolee Siina'aa keessatti isaan laakkowe. \m \v 20 Sanyii Ruubenii ilma angaficha Israa'elii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 21 Gosa Ruubenii keessaa worri laakkowame 46,500. \v 22 Sanyii Shimi'oonii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu akka gosaa fi maatii isaaniititti maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 23 Gosa Shimi'oonii keessaa worri laakkowame 59,300. \m \v 24 Sanyii Gaadii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 25 Gosa Gaadii keessaa worri laakkowame 45,650. \v 26 Sanyii Yihuda'aa keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 27 Gosa Yihuda'aa keessaa worri laakkowame 74,600. \v 28 Sanyii Yisaakorii keessa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 29 Gosa Yisaakorii keessaa worri laakkowame 54,400. \m \v 30 Sanyii Zebuloonii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 31 Gosa Zebuloonii keessaa worri laakkowame 57,400. \m \v 32 Ilmaan Yoseefii keessaa, sanyii Efreemii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 33 Gosa Efreemii keessaa worri laakkowame 40,500. \m \v 34 Sanyii Minaase'ee keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 35 Gosa Minaase'ee keessaa worri laakkowame 32,200. \m \v 36 Sanyii Beniyaaminii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 37 Gosa Beniyaaminii keessaa worri laakkowame 35,400. \m \v 38 Sanyii Daanii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 39 Gosa Daanii keessaa worri laakkowame 62,700. \v 40 Sanyii Asheerii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 41 Gosa Asheerii keessaa worri laakkowame 41,500. \m \v 42 Sanyii Naftaalemii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame. \v 43 Gosa Naftaalemii keessaa worri laakkowame 53,400. \p \v 44 Muuseen, Aaronii fi sooreyyiin Israa'elii kudhanii lamaan maatii ifii bakka bu'anee worri laakkowane isaan kana. \v 45 Dhiirti Israa'elii worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu akka maatii isaaniititti laakkowamane. \v 46 Worri laakkowame martinuu wolumatti 603,550. \p \v 47 Te'uu malee, maatiin gosa Lewwootaa ammoo gosa dhibii woliin hin laakkowanne. \v 48 Sababille Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 49 «Gosa Lewwootaa hin laakkowin yookiin isaan laakkossa Israa'eloota dhibi'iititti hin dabalin! \v 50 Tanaa mannaa, worra Lewwootaa dunkaanii dhugaa bayaa ta ani itti waaqonfamuu fi meya isii keessaa, waan isi'ii mara irratti itti gaafatantoota isaan godhi. Isaan isi'ii fi meya isi'ii mara ba'atanuu ti; isii keessa tajaajilaa, adaala isi'ii qubatanuu ti. \v 51 Yennaa dunkaanii dhugaa bayaa buqqisanu, worri Lewwootaa buqqisuu ti; yennaa dhaabanulle worri Lewwootaa dhaabuu ti. Nami dhibiin ka isii bira dhaqe ijjeefamuu ti. \v 52 Israa'elooti dhibiin golii golii ifiitiin baandiraa ifii biratti dunkaanii dhaabatanee adduma addaan qubatanuu ti. \v 53 Lewwooti ammoo akka ani Israa'elootatti hin mufanne adaala dunkaanii dhugaa bayaatitti qubatanuu ti. Lewwooti dunkaanii dhugaa bayaa eegiisaaf itti gaafatantoota te'anuu ti» jedhe. \v 54 Israa'elooti waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti godhane. \c 2 \s1 Addee Quttumaa Keessatti Gosa Gosaan Akka Itti Qubatane \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, \v 2 «Israa'elooti Dunkaanii Woldeenna'aa irraa fagaatanee, nami tokko tokkooyyuu baandiraa maatii ifii jala, adaala Dunkaanii Woldeenna'aatitti qubatuu ti» jedhe. \p \v 3 Ila boru'uu, karaa aduun baatuun, goliin quttuma Yihuda'aa loltoota ifii woliin baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Yihuda'aa, ilma Aminaadaabii Nahasoon. \v 4 Goliin isaa loltooti laakkowamane 74,600. \v 5 Gosi Yisaakorii isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Yisaakorii, ilma Zuwaarii Nataani'el. \v 6 Goliin isaa loltooti laakkowamane 54,400. \v 7 Gosi Zebuloonii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Zebuloonii, ilma Helonii Eliiyaab. \v 8 Goliin isaa loltooti laakkowamane 57,400. \v 9 Addee quttumaa ta worra Yihuda'aa keessa akka golii golii isaaniititti akka qubatanu, namooti laakkowamane marti wolumatti 86,400. Worri dursee duula bayu isaan kana. \p \v 10 Goliin quttuma Ruubenii gara kibbaatiin, baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Ruubenii ilma Shiide'urii Eliizur. \v 11 Goliin isaa loltooti laakkowame 46,500. \v 12 Gosi Shimi'oonii isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Shimi'oonii, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el. \v 13 Goliin isaa loltooti laakkowame 59,300. \v 14 Gosi Gaadii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Gaadii, ilma Dewu'elii Elii'aasaaf. \v 15 Goliin isaa loltooti laakkowame 45,650. \p \v 16 Quttuma Ruubenii keessaa dhiirti loltooti akka golii golii isaaniititti laakkowame wolumatti 151,450. Worri kun lammeessoo te'anee duula hin bayan. \p \v 17 Achiin duuba Dunkaaniin Woldeenna'aatii fi goliin Lewwootaa golii worra qaraatii fi golii worra duubaa wodhakkaa deeman. Isaan adduma addaan bayanee akkuma dur addee quttuma ifii jiranuutitti baandiraa ifii qabatanee hin deeman. \p \v 18 Goliin gosa Efreemii loltoota ifii woliin karaa aduun seentuun baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi gosa Efreemii, ilma Amiihudii Eliishaama'a. \v 19 Goliin isaa loltooti laakkowamanee 40,500. \p \v 20 Gosi Minaase'ee isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Minaase'ee, ilma Phedaazurii Gamaali'el. \v 21 Goliin isaa loltooti laakkowamane 32,200. \v 22 Gosi Beniyaaminii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Beniyaaminii, ilma Giidewonii Abiidaan. \v 23 Goliin isaa loltooti laakkowamane 35,400. \p \v 24 Quttuma Efreemii keessaa dhiirti akka golii golii ifiititti laakkowamane wolumatti 108,100. Isaan sadeessoo te'anee duula hin bayan. \p \v 25 Goliin quttuma gosa Daanii loltoota ifii woliin gara kaabaatiin, baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Daanii ilma Amiishadaayii Ahii'ezer. \v 26 Goliin isaa loltooti laakkowamane 62,700. \p \v 27 Gosi Asheerii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Asheerii ilma Okraanii Fagi'el. \v 28 Goliin isaa loltooti laakkowamane 41,500. \p \v 29 Gosi Niftaalemii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Niftaalemii, ilma Enaanii Ahiira'a. \v 30 Goliin isaa loltooti laakkowamane 53,400. \v 31 Quttuma Daanii keessaa dhiirti akka golii golii isaaniititti worri laakkowamane 157,600. Isaan dhuma irra baandiraa ifii qabatanee hin bayan. \p \v 32 Israa'elooti akka maatii maatii isaaniititti, akka golii golii isaaniititti loltooti laakkowamane martinuu wolumatti 603,550. \v 33 Lewwooti ammoo akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti gosa Israa'elootaa dhibii woliin hin laakkowanne. \v 34 Maarre Israa'elooti waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhanee, baandiraa ifii qabatanee, golii golii'ii fi maatii maatii ifii woliin duula bayane. \c 3 \s1 Lewwoota \p \v 1 Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti yennaa Muuse'etti dubbate, maatiin Muuse'ee fi Aaronii isaan kana. \v 2 Ilmaan Aaronii angafichi Naadaab, kuun Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar. \v 3 Isaan kun worra hayyoota te'anee hujii hayyumma'aa hujiisaaf muudamane. \v 4 Naadaabii fi Abiihuun goomolee Siina'aatitti ibidda hin ajajaminiin Mootii Waan Maraa duratti ciincaa yennaa dhikeessane du'ane. Isaan ijoollee hin qabanu. Tanaaf Ele'azaarii fi Itaamaar qofatti yennaa abbaan isaanii Aaron jiru hayyoota te'ee tajaajilane. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 6 «Gosa Lewwi'ii fidiitii, hayyicha Aaron akka qarqaaranuuf fuula isaa duratti dhikeessi. \v 7 Isaan Dunkaanii Woldeenna'aa duratti isaa fi wolde'a gumi'ii duudi'iif, hujii dunkaanii dhugaa bayaa hujan. \v 8 Isaan meya Dunkaanii Woldeenna'aa mara eegaa, hujii dunkaanii dhugaa bayaa keessaalle hujiisaan kolbaa Israa'elii tajaajilan. \v 9 Lewwooti Israa'eloota keessaa Aaronii fi ilmaan isaatiif waan kennamaneef, ati Aaronii fi ilmaan isaatiif isaan kenni. \v 10 Aaronii fi ilmaan isaa akka hujii hayyumma'aa hujanuuf ati isaan muudi. Nami dhibiin addee woyyittii bira yoo dhikaate ammoo ijjeefamuu ti» jedhe. \p \v 11 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, \v 12 «Kunoo ani Israa'eloota keessaa addee ilma angaficha kennansa fudhadhu, Israa'eloota mara keessaa ani Lewwoota fudhadheera. Tanaaf, Lewwooti kiyya. \v 13 Ani Mootii Waan Maraa ti; angafooti marti kiyya waan te'aneef, ani biyya Gibxi'ii keessatti, angafoota worra Gibxootaa mara yennaa ijjeese, angafoota hori'iitii fi angafoota ijoollee Israa'elootaa mara akka isaan kiyya te'anu filadheera. Tanaaf Lewwooti kiyya te'aneeran» jedhe. \s1 Laakkowamiisaa Lewwootaa \p \v 14 Mootiin Waan Maraa goomolee Siina'aa keessatti Muuse'een, \v 15 «Lewwoota akka maatii maatii isaaniitii fi akka fira isaaniititti, dhiira dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokko olii mara laakkowi» jedhe. \v 16 Maarre Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti isaan laakkowe. \p \v 17 Maqaan ilmaan Lewwi'ii Gershoon, Qehaatii fi Meraari. \v 18 Maqaan ilmaan Gershoonii akka fira fira isaaniititti Liibnii fi Shime'i. \v 19 Maqaan ilmaan Qehaatii akka fira fira isaaniititti Amraam, Yizhaar, Hebroonii fi Uzii'el. \v 20 Maqaan ilmaan Meraarii akka fira fira isaaniititti Maahilii fi Mushiis; isaan kun akka fira fira abbootii isaanii ta duriititti maatii Lewwootaa ti. \p \v 21 Firri Liibniitii fi shime'ii sanyii Gershoonii ti. Isaan kun fira Gershoonotaa ti. \v 22 Laakkossi dhiira isaanii ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii wolumatti 7,500. \v 23 Firri Gershootaa dunkaanii dhugaa bayaatiin duuba karaa aduun seentu qubatanuu ti. \v 24 Sooressi fira Gershoonotaa, Eliyaafii ilma Laa'elii ti. \v 25 Ilmaan Gershoonotaa Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti dunkaanii dhugaa bayaa, irbuusa isi'ii woliin, gollaa Dunkaanii Woldeenna'aa, \v 26 gollaa badhinna dalleya keessaa, gollaa badhinna dalleya keessaa ka adaala dunkaanii dhugaa bayaatii fi addee ciinca'aa, wodaroota isi'ii, hujii waan kanaan wol qabatte maraayyuu eegiisaaf itti gaafatamummaa qaban. \p \v 27 Amraam, Yizhaar, Hebroonii fi Uzii'el gosa Qehaatii ti; isaan kun maatii Qehaatii ti. \v 28 Laakkossi dhiira isaanii ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii 8,600. Isaan kun addee woyyittii eegiisaaf itti gaafatamummaa qaban. \v 29 Firri Qehaatii dunkaanii dhugaa bayaa gara kibbaatitti qabatanuu ti. \v 30 Sooressi fira Qehaatii, ilma Uzii'elii Elzaafaan. \v 31 Isaan kun Saanduqa Gondooro'oo, xarapheessaa, waan issaa irra keyanu, addee ciinca'aa, meya addee Woyyitti'ii ka isaan itti fayyadamanu, golla'aa fi hujii waan kanaan wol qabaatte mara eegiisaaf itti gaafatamummaa qaban. \v 32 Ilmi Aaronii Ele'azaar sooressa bulchaa Lewwootaa ti; inni worra addee Woyyittii eegiisaaf itti gaafatantoota te'ane irratti muudame. \p \v 33 Firri Maahiliitii fi Mushii fira Meraarii jala jiran; isaan kun fira Meraarii ti. \v 34 Laakkossi dhiira isaanii ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii 6,200. \v 35 Sooressi fira Meraarii ilma Abiihaayilii Zurii'el. Isaan dunkaanii dhugaa bayaa cinaa gara kaabaatiin qubatanuu ti. \v 36 Ilmaan Meraarii mikikkila dunkaanii dhugaa bayaa, danqaraa, utubaa, miila utuba'aa, hujii waan kanaan wol qabate mara, \v 37 utubaa badhinna dalleya keessaatitti naannowaneeranu, miila utubooti dhaabbatanu woliin, chikaala'aa fi wodaroo dunkaani'ii eegiisaaf muudamane. \p \v 38 Muuseen, Aaronii fi ilmaan isaa dunkaanii dhugaa bayaa san karaa aduun baatuun Dunkaanii Woldeenna'aa dura gara ila boru'uutiin qubatanuu ti. Isaan Israa'eloota bakka bu'anee addee woyyittii eegiisaaf itti gaafatantoota. Nami dhibiin ka itti dhikaate ijjeefamuu ti. \v 39 Muuse'ee fi Aaron akka Mootiin Waan Maraa isaan ajajetti Lewwoota keessaa akka fira fira isaaniititti worri laakkowane, dhiirti martinuu ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii wolumatti 22,000. \p \v 40 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Israa'eloota keessaa dhiira angafa ta ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii mara laakkowiitii, maqaa maqa'aan galmeessi. \v 41 Ani Mootii Waan Maraa ti; ati addee angafoota Israa'elootaa mara worra Lewwootaa, addee angafoota horii Israa'elootaa mara horii worra Lewwootaa naaf fuudhi» jedhe. \v 42 Maarre Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje Israa'eloota keessaa dhiira angafoota mara laakkowe. \p \v 43 Dhiirti angafooti ta ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii ka maqaa maqa'aan galmeeffamane wolumatti 22,273. \p \v 44 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbatee, \v 45 «Ani Mootii Waan Maraa ti. Ati addee angafoota Israa'elootaa mara Lewwoota, addee angafoota horii Israa'elootaa mara angafoota horii Lewwootaa naaf fuudhi. Lewwooti kiyya te'anuu ti. \v 46 Laakkossi dhiira angafoota Israa'elootaa dhibba lamaa fi torbaatamii sadiin laakkossa Lewwootaa caalan. Isaan kana wodiisaaf, \v 47 tokko tokkoo isaaniitiif akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, meetii sheeqelii shan shan fuudhi. Meetiin sheeqeliin tokko geraa diddama. \v 48 Beesee Israa'eloota irraa fuudhiitii, marroo ilmaan angafoota Israa'elii 273 ka wodamuu qabanuu saniif Aaronii fi ilmaan isaatiif kenni!» jedhe. \v 49 Maarre Muuseen beesee ilmaan angafoota Israa'elootaa ka laakkossi isaanii Lewwoota caalee ka wodamiisaa san fuudhe. \v 50 Beeseen inni Israa'eloota worra angafoota te'anee dhalatane irraa fuudhe, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti meetiin tun gara kiiloogiraama 15.5 teeti. \v 51 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti beesee isaan ittiin wodamane san Aaronii fi ilmaan isaatiif kenne. \c 4 \s1 Hujii Lewwoota Sanynii Qehaatii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, \v 2 «Lewwoota keessaa ilmaan Qehaatii akka firaa fi maatii maatii isaaniititti, \v 3 Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dhiira dhuttu, ta woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa mara laakkowi. \v 4 Hujiin ilmaan Qehaatii Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti waan irra caalaa woyyuu te'e eegiisa. \v 5 Israa'elooti yennaa addee quttumaatii godaaniisaaf qophowanu, Aaronii fi ilmaan isaa ol seenanee gollaa Saanduqa Gondooro'oo ta dhugaa bayaa gollu fuudhanee Saanduqa Gondooro'oo sanitti maranuu ti. \v 6 Achiin duuba gogaa hoolee galaanaa itti uffisanuu ti; woyaa bifi isi'ii guutumatti bifa cuquliisaa teete irra diriirsanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti. \p \v 7 «Xarapheessaa daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu irra woyaa bifa cuquliisaa afanee, gabataa, qorii, muduunu'uu fi kobola kennansa daadhii woyni'ii ittiin dhikeessanu ka worqii irraa hujamane, daabboolle yennaa mara irra keyanuu ti. \v 8 Woyaa diintuu irra afanee, gogaa hoolee galaanaa irra buusanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti. \p \v 9 «Woyaa bifa cuquliisaa teete san fuudhanee, waan issaa irra keyanuu fi ifa isi'ii woliin, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii daadha'aa, meya zayiti'iitii fi meya isi'ii maratti uffisanuu ti. \v 10 Achiin duuba isaan meya isi'ii mara woliin gogaa hoolee galaanaatiin maranee goongaa ittiin ba'atu irra keyanuu ti. \p \v 11 «Addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante irralle woyaa bifa cuquliisaa afanee, gogaa hoolee galaanaatiin maranee, muka rare'een ba'atanu ka isi'iille addee isaaniititti galchanuu ti. \p \v 12 «Meya addee woyyitti'itti ittiin tajaajilanu mara fuudhanee, woyaa bifa cuquliisaa keessa keyanee, gogaa hoolee galaanaatiin maranee, goongaa ittiin ba'atanu irra keyanuu ti. \p \v 13 «Addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante san irraa daadhaa haranee, woyaa dhiillee irra afanuu ti. \v 14 Achiin duuba meya addee ciinca'aatitti ittiin tajaajilanu mara, waan ibidda irratti bobeessanu, filaa foonii, akkaafaa, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante san irra keyanuu ti. Isaan gogaa hoolee galaanaa irra buusanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti. \p \v 15 «Yennaa addee quttumaatii ka'anu, Aaronii fi ilmaan isaa meya woyyichaa fi waan tajaajila kanaaf te'u mara itti uffisaneen duuba, ilmaan Qehaatii dhufanee ba'atanuu ti. Akka hin duune ammoo meya woyyicha san tuquu hin qabanu. Hujiin ilmaan Qehaatii Dunkaana Woldeenna'aatii fi waan Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa ba'atiisa. \p \v 16 «Ilmi Aaronii hayyichaa Ele'azaar, zayitii isse'ee, hixaana foolee tolu, kennansa midhaanii ka guyyaa maraa, zayitii muudaa, Dunkaanii Woyyitti'ii fi waan isii keessaa, meya isi'ii keessaa woyyicha mara eegiisaaf itti gaafatamummaa qaba» jedhe. \p \v 17 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaronitti dubbatee, \v 18 «Maatiin Qehaatii, fira Lewwi'ii keessaa hin godhina'a. \v 19 Qehaatoti waan irra caalaa Woyyuu te'etti dhikaatanee akka hin duune, Aaronii fi ilmaan isaa addee woyyittii seenanee waan isaan godhiisa malanee fi waan isaan ba'atiisa malane itti mudhisanuu ti. \v 20 Ammoo isaan akka hin duuneef, waan woyyuu san yennaa diqqo'oofille ilaaliisaaf ol hin seenin» jedhe. \s1 Hujii Sanyii Gershoonotaa \p \v 21 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 22 «Gershoonota akka fira firaa fi maatii maatii isaaniititti laakkowi. \v 23 Dhiira woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ta Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dandeettu mara laakkowi. \p \v 24 «Tajaajilli fira Gershoonotaa ka hujiisaatii fi ba'atiisaa ka asii gadii kana: \v 25 Isaan gollaa dunkaanii dhugaa bayaa, gollaa Dunkaanii Woldeenna'aa, irbuusa isi'iitii fi gogaa hoolee galaanaa ka irbuusa isi'ii gollu, gollaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa, \v 26 gollaa badhinna dalleya keessaa ka dunkaanii dhugaa bayaatii fi addee ciinca'aa marsu, wodaroota golla'aatii fi meya tajaajila waan kanaa mara ba'atiisa; isaan tajaajila meya kanaaf male mara godhan. \v 27 Tajaajilli Gershoonotaa marti, ba'aan yookiin hujii dhibii hujiisi akka Aaronii fi ilmaan isaa isaanitti mudhisanetti hujanuu ti; waan isaan ba'atiisaaf itti gaafatamummaa qabanu isin isaanitti hima'a. \v 28 Hujiin fira Gershoonii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilli isaanii kana. Hujii isaanii ilma Aaronii hayyichaa Itaamaaritti toowata. \s1 Hujii Sanyii Meraarotaa \p \v 29 «Ilmaan Meraarii akka fira firaa fi akka maatii maatii isaaniititti, \v 30 worra woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa hujiisaaf dande'anu mara laakkowi. \v 31 Dunkaanii Woldeenna'aa keessa wonni ba'atiisaaf itti gaafatamanu mikikkila dunkaanii dhugaa bayaa, danqaraa isi'ii woliin, utubaa isi'iitii fi miila isiin ittiin dhaabbatu, \v 32 utubaa badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woldeenna'aatitti naannowaneeranu shafee utubooti sun ittiin dhaabbatanu woliin, chikaala dunkaani'ii, wodaroo dunkaani'ii, meya waan kanaa maraa fi waan tajaajila kanaan wol qabate mara ba'atiisa. Nami tokko tokkooyyuu waan inni ba'atiisa male itti himi. \v 33 Tajaajilli fira Meraarii, toowannaa Itaamaarii ilma Aaronii hayyichaa jalatti, Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti hujanu tana» jedhe. \s1 Laakkowamiisa Lewwootaa \p \v 34 Muuseen, Aaronii fi sooreyyiin wolde'a gumi'ii, sanyii Qehaatii akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti, \v 35 dhiira woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dande'anu mara laakkowane. \v 36 Laakkossi isaanii akka fira fira isaaniititti 2,750. \v 37 Isaan kun akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, fira Qehaatotaa mara, worra Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanu, ka Muuse'ee fi Aaron laakkowane. \p \v 38 Worri Gershoonotaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti, \v 39 dhiirti woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dande'anu marti laakkowamane. \v 40 Worri akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti laakkowame laakkossi isaanii 2,630. \v 41 Isaan kun wolumatti fira Gershoonotaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilane. Akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti Muuse'ee fi Aaron isaan laakkowane. \p \v 42 Worri Meraarotaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti, \v 43 dhiirti woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dande'anu marti laakkowamane. \v 44 Worri akka fira fira isaaniititti laakkowame laakkossi isaanii 3,200. \v 45 Isaan kun wolumatti fira Meraarotaa ti. Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti Muuse'ee fi Aaron isaan laakkowane. \p \v 46 Maarre Muuseen, Aaronii fi sooreyyiin wolde'a gumi'ii, sanyii Lewwootaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti, \v 47 dhiira woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka hujii tajaajilaatii fi Dunkaanii Woldeenna'aa ba'atiisaa dande'anu mara laakkowane. \v 48 Laakkossi isaanii 8,580. \v 49 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti nami tokko tokkooyyuu, maan akka hujuu fi maan akka ba'atu itti himame. Akka kanaan isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti laakkowamane. \c 5 \s1 Kolbaa Hin Qulqulloomin \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Israa'elooti nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu, nama nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u, nama reeffa tuqiisaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin te'in mara addee quttumaa keessaa akka baasanu ajaji. \v 3 Addee quttumaa ta ani odduu isaanii le'u, akka isaan hin batteessine, worra qulqulluu hin te'in dhiiraa fi dubartii addee quttumaa keessaa alatti baasi» jedhe. \v 4 Israa'elooti tana godhanee, addee quttuma keessaa alatti isaan baasane. Isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhane. \s1 Yakkaa Huje Faaci'atiisaa Fi Gatii Kaffaliisa \p \v 5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 6 «Ati Israa'elootaan, ‹Nami tokko dhiirti yookiin dubartiin ana Mootii Waan Maraatiif addatamiisa dhabiisaan nama dhibii yennaa yakke, nami sun yakkaamessa. \v 7 Inni cubbuu huje san faaci'atuu ti. Yakkaa ifiitiif gatii guutuu kaffaluu ti; harka shan keessaa harka tokko itti dabaleelle, nama yakke saniif kennuu ti. \v 8 Namichi yakkame sun du'ee firri aanti'ii ka gatii san fuudhu yoo dhabame ammoo, gatiin kaffalamu sun ka ana Mootii Waan Maraa ti; korbeessa hoole'ee ka yakkaa namichi hujeef, gumaa cubbu'uutiif kennamu san woliin hayyichaaf kennamuu ti. \v 9 Kennansi woyyichi Israa'elooti fiddu marti, hayyichaaf kennamuu ti. \v 10 Wonni hayyichaaf kenname kama hayyichaa ti› jedhi» jedhe. \s1 Dubartoota Gaarayyeeffatumma'aan Bidhatamanu \p \v 11 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 12 «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Dubartiin takka abbaa manaa ifiitiif addatamuu dhabiisaan \v 13 nama dhibii woliin yoo ratte, waan kana dhirsi isi'ii ka hin dhaggine yoo te'e, nami isii dhagge yoo hin jiraatin, battummaan isi'iille yoo hin mudhatin, \v 14 dhirsi isi'ii isii hinaafee mamee, isiin yoo battoottee jiraatte yookiin yoo hin battowin jiraatte, \v 15 Namichi sun niitii ifii san gara hayyichaa geessuu ti. Marroo isi'iitiif kennansa barbaachisu bullaa garbu'uulle kiiloo tokko geessuu ti. Kennansi kun kennansa midhaanii ka marroo hinaaffa'aatiif dhikaatu, ka yakkaa qaabachiisu waan te'eef, inni zayitii ejersaatii fi hixaana itti hin naqin. \p \v 16 « ‹Hayyichi dubartii san fidee, fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbachiisuu ti; \v 17 achiin duuba bisaan woyyicha meya faaraatitti woraabee, dunkaanii dhugaa bayaa keessaa bukuu fuudhee bisaan sanitti naquu ti. \v 18 Hayyichi mataa dubartitti'ii irraa hagoogguu buusee, kennansa midhaanii ka yakkaa qaabachiisu, ka marroo hinaaffa'aatiif dhikeeffamu, harkatti qabachiisee, fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbachiisuu ti. Harka ifiititti bisaan hadhowaa abaarsa fidu qabatuu ti. \v 19 Achiin duuba hayyichi, dubartittii san kakachiisiisaan: Ati heerumtee abbaa manaa qadduun, nami dhibiin yoo si woliin hin rafin yookiin ati yoo hin battowin, bisaan hadhowaan abaarsa fidu kun si hin miidhin. \v 20 Ati ammoo abbaa manaa keeti jala jiraataa isaaf addatamuu dhabiisaan, nama dhibii woliin rattee yoo ifi batteessitee jiraatte, \v 21 hayyichi, dubartittii san kakuu abaarsaa kakachisiisaan: Mootiin Waan Maraa gadhaa keeti iitessee, gudeeda keeti huqqisee, kolbaa teeti oddu'utti ta abaarante si godhuu ti; \v 22 bisaan abaarsa fidu kun nafa keeti keessa seenee gadhaa keeti iitessee, gudeeda keeti huqqisuu ti. \p « ‹Dubartittiille: ameen, ameen jettuu ti. \p \v 23 « ‹Hayyichi abaarsa kana kitaaba maramaa irratti barreessee, achiin duuba barreeffama san bisaan hadhowaa san keessatti dhiquu ti. \v 24 Bisaan hadhowaa abaarsa fidu san obaasuu ti; bisaan abaarsa fidu kun isii keessa seenee dhibee hantuu itti hin fida. \v 25 Achiin duuba hayyichi kennansa midhaanii ka marroo hinaaffa'aatiif dhikaatu san dubartittii san harkaa fuudhee, fuula ana Mootii Waan Maraa duratti tachoosee, gara addee ciinca'aatitti dhikeessuu ti. \v 26 Achiin duuba hayyichi kennansa midhaanii ka yaadanno'oo san harka tokko fuudhee, addee ciinca'aa irratti gubuu ti. Saniin duuba inni akka dubartittiin bisaan san untu godhuu ti. \v 27 Isiin yoo ifi batteessitee abbaa manaa ifiitiif addatamuu dhaddeertu teete, yennaa inni bisaan abaarsa fidu san isii obaasu, bisaan gadhaa isi'ii seenu sun dhibee hantuu isi'itti fidee, gadhaa isi'ii iitessee, gudeeda isi'ii huqqisee, isiin kolbaa ifii oddu'utti ta abaarante hin teeti. \v 28 Dubartittiin ammoo yoo ifi hin batteessin teete, isiin hin miidhantu ijoolleelle deyuu hin dandeetti. \p \v 29 « ‹Seerri marroo hinaaffa'aatiif kenname kana: Dubartittiin adoo abbaa manaa jala jirtuu seera irraa gortee, yoo ifi batteessite, \v 30 yookiin yaadi hinaaffa'aa abbaa mana isi'iititti dhufee, inni yoo isii hinaafe, hayyichi dubartittii san ana Mootii Waan Maraa dura fiduu ti! Hayyichi akka seera kanaatitti isii irratti muummessuu ti! \v 31 Abbaan manaa yakkaa akka hin qanne akkasitti hin beekkama; dubartittiin ammoo akka yakkaa ifiititti hin dhaggatti› jedhi!» jedhe. \c 6 \s1 Seera Naaziretichaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko dhiirti yookiin dubartiin ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baasiisaan, naazireticha te'iisaaf, waadaa yoo gale, \v 3 daadhii woyni'ii irraa, untoo dhibii ta nama macheessitu irraa ifi eeggatuu ti; daadhii woyni'ii dhangaggoottuu yookiin untoo dhibii nama macheessitu hin unin. Cunfaa midhaan woyni'iille hin unin yookiin midhaan woyni'ii shawwee yookiin gogaa hin nyaatin. \v 4 Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase mara waan midhaan woyni'ii irraa hujame mara yookiin qollofa woyni'iituu hin nyaatin. \p \v 5 « ‹Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baasiisaaf waadaa gale mara rifeensa mataa ifii hin quxatin yookiin hin haadatin; haga barri inni ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase muummowutti, inni woyyuu te'uu ti; rifeensa mataa ifii guddifatuu ti. \v 6 Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase mara reeffa namaatitti hin dhikaatin. \v 7 Beessisi ana Mootii Waan Maraatiif adda ifi baasiisaa rifeensi mataa isaa irra waan jiruuf, abbaan yookiin haati, obboleessi yookiin obboleettiin isaa yoo du'anelle reeffatti dhikaatiisaan ifi hin batteessin. \v 8 Bara ifi addaan baase mara inni ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomeera. \p \v 9 « ‹Nami tokko dedhuma isa biratti du'ee, rifeensa mataa isaa ka inni ittiin adda baye san yoo batteesse, guyyaa itti qulqulloomu, guyyaa torbeesso'oo rifeensa mataa ifii haadatuu ti. \v 10 Guyyaa saddeetesso'oo Dunkaanii Woldeenna'aa duratti ilmoolee saphaliisaa lama yookiin maddo'oo lama gara hayyichaa fiduu ti. \v 11 Inni reeffatti dhikaatiisaan waan cubbameef, hayyichi saphaliisa tokkocha kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatuuf, saphaliisa tokkocha ammoo kennansa gubamuuf dhikeessuu ti. Inni gaafuma san rifeensa mataa ifii deebisee adda baasuu ti. \v 12 Inni bara ifi adda baase san ana Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsuu ti. Sababa yakka'aatiif korbeessa hoole'ee ka woggaa tokkoo fiduu ti. Inni waan battoweef, barri inni duri adda ifi baase ka qaraa sun hin laakkowamu. \p \v 13 « ‹Seerri nama barri adda ifi baasiisi isaa dabaree ka asii gad jiru: Inni gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhikeeffamuu ti. \v 14 Inni achitti kennansa ifii ana Mootii Waan Maraatiif: kennansa gubamuuf korbeessa hoole'ee buruusoo woggaa tokkoo ka fafa hin qanne tokkocha, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu gorontii hoole'ee buruusoo ta woggaa tokkoo ta fafa hin qanne takkattii, kennansa tokkumma'aatiif korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokkocha, \v 15 kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaan woliin dhikaatanu woliin, akkasuma daabboo uukoo hin qanne kollonjoo tokko, xaltaa bullaa dansa'aa ka zayiti'iin sukkuumamee fi bixee hephellittii uukoo hin qanne ta zayitiin irra dibante dhikeessuu ti. \p \v 16 « ‹Hayyichi waan kana maraa fuudhee, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa gubamu, \v 17 korbeessa hoole'ee ka kennansa tokkumma'aatiif dhikaate san daabboo uukoo hin qanne kollonjoo tokko kennansa ifii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. \v 18 Achiin duuba nami ana Mootii Waan Maraatiif adda baye sun rifeensa mataa ifii seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti haadatee, ibidda kennansi tokkumma'aa itti ciinceffamu keessa keyuu ti. \p \v 19 « ‹Achiin duuba, foon harka korbeessaa yennaa iffeelame, hayyichi daabboo uukoo hin qanne tokkoo fi bixee hephellittii uukoo hin qanne takkattii kollonjoo keessaa fuudhee, harka isaa keessa keyuu ti. \v 20 Achiin duuba hayyichi waan kana kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. Kun martinuu cormi'ii fi luka korbeessaa ka kennansa addaa te'anetti dabalamanee qooda hayyichaa woyyicha te'an. Saniin duuba, nami adda baye sun daadhii woyni'ii unuu hin dande'a. \p \v 21 « ‹Seerri nama ana Mootii Waan Maraatiif adda ifi baasiisaaf waadaa galee kana. Ammoo nami ana Mootii Waan Maraatiif adda baye sun waan kenniisaaf male caalaa kenniisaaf yoo waadaa gale, akkuma seera nama ana Mootii Waan Maraatiif adda bayeetitti, waadaa gale san muummessuu ti› jedhi» jedhe. \s1 Eebba Hayyooti Eebbittu \p \v 22 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 23 «Ati Aaronii fi ilmaan isaatiin, ‹Dubbii asii gad jirtuun ilmaan Israa'elii eebbisa'a: \p \v 24 « ‹Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu! \p \v 25 « ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu! \p \v 26 « ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!› jedhiin. \p \v 27 «Maarre isaan maqaa kiyya waamanee kolbaa Israa'elii hin eebbisan, anille isaan hin eebbisa» jedhe. \c 7 \s1 Kennansa Eebba Dunkaanii Dhugaa Bayaatiif Kenname \p \v 1 Muuseen yennaa dunkaanii dhugaa bayaa dhaabee fixe, dunkaanii dhugaa bayaatii fi meya isi'ii mara, addee ciinca'aatii fi meya isi'ii mara zayitii ejersaa muudee woyyoonse. \v 2 Achiin duuba sooressitooti Israa'elootaa ka worra laakkowameef itti gaafatantoota te'ane sooressitooti maatii maati'ii kennansa kennane. \v 3 Isaan garreettaa geejjibaa ka itti uffifame jaa fi korommii kudhanii lama, sooreyyiin tokko tokkooyyuu korommii tokko tokko, akkasuma lama lama te'anee, garreettaa geejjibaa tokko tokko kennane; isaan kennansa kana dunkaanii dhugaa bayaa duratti dhikeessane. \v 4 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 5 «Tajaajila Dunkaanii Woldeenna'aatiif kennansa kana sooreyyii irraa fuudhi; Lewwootaaf akkuma hujii isaaniititti isaaniif kenni» jedhe. \v 6 Maarre Muuseen garreettaa geejjibaatii fi korommii san Lewwootaaf kenne. \v 7 Inni garreettaa geejjibaa lamaa fi korommii afur akkuma hujii isaaniititti worra Gershooniitiif kenne. \v 8 Inni garreettaa geejjibaa afurii fi korommii saddeeti karaa ilma Aaronii hayyichaa Itaamaariitiin, akka tajaajila isaaniititti, worra Meraariitiif kenne. \v 9 Worri Qahaatotaa ammoo meya woyyicha gurmuu ifii irratti waan ba'atanuuf, Muuseen garreettaa geejjibaatii fi korommii isaaniif hin kennine. \p \v 10 Addeen ciinca'aa yennaa eebbifantu sooressitootille eebba isi'iitiif kennansa fidanee addee ciinca'aa duratti dhikeessane. \v 11 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Sooressitoota keessaa eebba addee ciinca'aatiif, guyyuma guyya'atti nami tokko kennansa ifii akka dhikeessu isaanitti himi» jedhe. \p \v 12 Guyyaa qaraa kennansa ifii ka dhikeesse gosa Yihuda'aa keessaa, ilma Aminaadaabii Nahasoon; \v 13 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma\f + \fr 7:13 \fr*\fqa Sheeqeliin dhibbaa fi soddoma: \fqa*\ft Gara kiiloogiraama 1.5 te'a.\ft*\f* madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama\f + \fr 7:13 \fr*\fqa Sheeqeliin torbaatama: \fqa*\ft Gara giraama 800 te'a.\ft*\f* madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 14 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan\f + \fr 7:14 \fr*\fqa Sheeqeliin kudhan: \fqa*\ft Gara giraama 110 te'a.\ft*\f* madaalu; \v 15 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 16 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 17 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Aminaadaabii Nahasoon dhikeesse. \p \v 18 Guyyaa lammeesso'oo sooressi gosa Yisaakorii ilmi Zuwaarii Nataani'el kennansa ifii dhikeesse; \v 19 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma\f + \fr 7:19 \fr*\fqa Sheeqeliin dhibbi tokkoo fi soddoma: \fqa*\ft Gara kiiloogiraamii 1.5 te'a.\ft*\f* madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama\f + \fr 7:19 \fr*\fqa Sheeqeliin torbaatama: \fqa*\ft Gara giraama 800 te'a.\ft*\f* madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 20 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu, \v 21 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokkoo fi buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 22 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 23 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Zuwaarii Nataani'el dhikeesse. \p \v 24 Guyyaa sadeesso'oo sooressi gosa Zebuloonii ilmi Helonii Eliiyaab kennansa ifii dhikeesse; \v 25 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 26 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; \v 27 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 28 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 29 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Helonii Eliiyaab dhikeesse. \p \v 30 Guyyaa arfeesso'oo sooressi gosa Ruubenii ilmi Shiide'urii Eliizur kennansa ifii dhikeesse; \v 31 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 32 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; \v 33 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 34 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 35 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Shiide'urii Eliizur dhikeesse. \p \v 36 Guyyaa shaneesso'oo sooressi gosa Shimi'oonii ilmi Zuriishadaayii Shiilumii'el kennansa ifii dhikeesse; \v 37 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 38 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; \v 39 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 40 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 41 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Zuriishadaayii Shiilumii'el dhikeesse. \p \v 42 Guyyaa jayeesso'oo sooressi gosa Gaadii ilmi Dewu'elii Elii'aasaaf kennansa ifii dhikeesse; \v 43 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 44 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; \v 45 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 46 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 47 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Dewu'elii Elii'aasaaf dhikeesse. \p \v 48 Guyyaa torbeesso'oo sooressi gosa Efreemii ilmi Amiihudii Eliishaama kennansa ifii dhikeesse. \v 49 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 50 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; \v 51 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 52 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 53 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Amiihudii Eliishaama dhikeesse. \p \v 54 Guyyaa saddeetesso'oo sooressi gosa Minaase'ee ilmi Phedaazurii Gamaali'el kennansa ifii dhikeesse; \v 55 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 56 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; \v 57 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 58 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 59 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Phedaazurii Gamaali'el dhikeesse. \p \v 60 Guyyaa sagaleesso'oo sooressi gosa Beniyaaminii ilmi Gedewoonii Abiidaan kennansa ifii dhikeesse. \v 61 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 62 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; \v 63 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 64 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 65 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Gedewoonii Abiidaan dhikeesse. \p \v 66 Guyyaa kudhaneesso'oo sooressi gosa Daanii ilmi Amiishadaayii Ahii'ezer kennansa ifii dhikeesse. \v 67 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 68 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; \v 69 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 70 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 71 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Amiishadaayii Ahii'ezer dhikeesse. \p \v 72 Guyyaa kudhanii tokkeesso'oo sooressi gosa Asheerii ilmi Okraanii Fagi'el kennansa ifii dhikeesse. \v 73 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 74 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; \v 75 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 76 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 77 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Okraanii Fagi'el dhikeesse. \p \v 78 Guyyaa kudhanii lammeesso'oo sooressi gosa Naftaalemii ilmi Enaanii Ahiira kennansa ifii dhikeesse. \v 79 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. \v 80 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; \v 81 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; \v 82 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; \v 83 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Enaanii Ahiira dhikeesse. \p \v 84 Gaafa addeen ciinca'aa muudante kennansi sooreyyiin Israa'elootaa, eebba isi'iitiif dhikeessane isaan kana: gabataa meetii irraa hujame kudhanii lama, qorii boollittii meetii irraa hujante kudhanii lama, girgiraa worqii hujame kudhanii lama; \v 85 gabataan meetii irraa hujame sun tokko tokkoon isaatuu sheeqelii dhibbaa fi soddoma, qoriin meetii irraa hujante tokko tokkoon isi'iituu sheeqelii torbaatama madaalan; wolumatti meetiin meya kanaa akka sheeqelii addee woyyitti'iititti sheeqelii kuma lamaa fi dhibba afur\f + \fr 7:85 \fr*\fqa Sheeqeliin kuma lamaa fi dhibbi afur: \fqa*\ft Gara kiiloogiraama 28 te'a.\ft*\f* madaalti. \v 86 Girgiraa worqii irraa hujame kudhanii lama ka hixaanaan guutame, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti tokko tokkoon isaaniituu sheeqelii kudhan madaalan; wolumatti worqiin girgiroota kanaa sheeqelii dhibbaa fi diddama\f + \fr 7:86 \fr*\fqa Sheeqeliin dhibbaa fi diddama: \fqa*\ft Gara kiiloogiraama 1.4 te'a.\ft*\f* madaalti. \v 87 Kennansa midhaanii ka isaanii woliin wolumatti horiin ciinca'aaf dhikaate dardaroota kudhanii lama, korbeeyyii hoole'ee kudhanii lama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii lama; kennansa araara cubbu'uutiifille korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama. \v 88 Horiin ciincaa kennansa tokkumma'aatiif dhikaate wolumatti korommii diddamii afur, korbeeyyii hoole'ee jaatama, korbeeyyii re'e'ee jaatama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo jaatama. Kennansi gaafa addeen ciinca'aa muudante, eebba isi'iitiif dhikeessane isaan kana. \p \v 89 Muuseen Mootii Waan Maraa woliin dubbatiisaaf Dunkaanii Woldeenna'aa yennaa seene, qadaaddaa Saanduqa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaan wodhakkaa jiru gubba'aa qoonqoo isatti dubbattu dhage'e. Mootiin Waan Maraa isatti dubbate. \c 8 \s1 Ifa Torba \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Ati Aaroniin ‹Issaa torba waan issaa irra keyanu irra yennaa keettu, akka adaala waan issaa irra keyanu duratti ifanu keyi› jedhiin» jedhe. \v 3 Aaronille akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, issaa san waan issaa irra keyanu fuula duratti akka ifanu keye. \v 4 Wonni issaa irra keyanu akka fakkeenna Mootiin Waan Maraa Muuse'etti mudhisetti jalaa ka'ee haga qaccee isi'ii ta akka daraara'aatitti worqii tumante irraa hujameera. \s1 Lewwooti Waaqaaf Kennamane \p \v 5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 6 «Lewwoota odduu Israa'elootaatii fuudhiitii akka aadaa dhugeeffanna'aatitti isaan qulqulleessi. \v 7 Isaan qulqulleessiisaaf, waan asii gad jiru kana godhi: bisaan ittiin qulqulloomanu itti fiffixi; achiin duuba akka isaan rifeensa nafa ifii duudii haadatanee woyaa ifiille dhiqatanee ifi qulqulleeffatanu isaanitti himi. \v 8 Isaan dardara tokkoo fi kennansa midhaanii bullaa dansaa ta zayiti'iin sukkuumante ka isaan woliin dhikaatanu fidanuu ti; atille araara cubbu'uutiif dardara dhibii tokko fidi. \v 9 Kolbaa Israa'elii duudii wolitti qabiitii, Dunkaanii Woldeenna'aa duratti Lewwoota dhikeessi! \v 10 Yennaa ati Lewwoota fuula kiyya duratti dhikeessitu, Israa'elooti harka ifii mataa isaanii irra keyanuu ti! \v 11 Lewwooti akka hujii tiyya hujanu Aaron Israa'eloota oddu'uu akka kennansa tachoofamuu fuula kiyya duratti isaan dhikeessuu ti. \v 12 Lewwooti harka ifii mataa dardara lamaanii san irra keyanuu ti; Aaron dardara tokko kennansa araara cubbu'uutiif dhikeessee, dardara kaanille Lewwootaaf gumaa cubbu'uu godhiisaaf kennansa gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. \p \v 13 «Worra Lewwootaa Aaronii fi ilmaan isaa dura dhaabbachiisiitii akka kennansa tachoofamuu fuula kiyya duratti dhikeessi. \v 14 Karaa kanaan Lewwooti Israa'eloota kaan oddu'uu adda baasi; isaanille kiyya hin te'an. \v 15 Ati isaan qulqulleessitee akka kennansa tachoofamuu dhikeessiteen duuba, isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf ol seenanuu ti. \v 16 Israa'eloota keessaa isaan guutumatti naaf kennamaneeran; Israa'eloota mara keessaa angafa addee fudhadhu, Lewwoota fudhadheera. \v 17 Ani yennaa angafa biyya Gibxi'ii keessaa mara ijjeese, ka worra Israa'elii adda baafadhe; tanaaf, Israa'eloota keessaa dhiira te'ee ka dhalate, angafi namaatii fi hori'iille kiyya. \v 18 Ani addee ilmaan angafa Israa'elootaa mara fudhadhu, Lewwoota fudhadheera. \v 19 Isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa addee Israa'elootaa bu'anee akka tajaajilanuuf, Israa'elooti addee woyyitti'itti dhikaatanee balaan akka itti hin buune akka isaaniif araarsanuuf, ani Israa'eloota mara keessaa Lewwoota Aaronii fi ilmaan isaatiif kennansa godhee kenneera» jedhe. \p \v 20 Maarre Muuseen, Aaronii fi kolbaan Israa'elii duudiin akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti Lewwoota adda baasane. \v 21 Lewwooti ifi qulqulloonsanee woyaa ifiille dhiqatane; achiin duuba Aaron akka kennansa tachoofamuu Mootii Waan Maraa duratti isaan dhikeessee, isaan qulqulleessiisaaf gumaa cubbu'uu isaaniif tolche. \v 22 Saniin duuba Lewwooti sooressummaa Aaronii fi ilmaan isaatiin Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajila ifii tajaajiliisaaf ol seenane; kolbaan akkuma Mootiin Waan Maraa marroo Lewwootaa Muusee ajajetti waan mara isaaniif goote. \p \v 23 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 24 «Wonni Lewwoota ilaalu asii gad jira; Dhiirti Lewwootaa ta woggaan isaanii diddamii shaniitii fi achii olii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dhufanuu ti; \v 25 woggaan isaanii shantama yennaa guutte ammoo tajaajila ifii irraa hin foorfatan; achiin duuba hin tajaajilanu. \v 26 Isaan tajaajila obboleeyyan isaanii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanu obboleeyyan ifii qarqaaran malee, ifiif hujii hin hujanu. Akka kanatti itti gaafatamummaa worra Lewwootaa tarree galchita» jedhe. \c 9 \s1 Jila Irra Dabaramaa Ta Lammeesso'oo \p \v 1 Israa'elooti biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba woggaa lammeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo keessa, Mootiin Waan Maraa goomolee Siina'aa keessatti Muuse'etti dubbatee, \v 2 «Israa'elooti Jila Irra Dabaramaa yennaa isi'ii eeganee jilifatanuu ti. \v 3 Ji'uma kana guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, dimimmisa galgala yennaa isi'ii eegadha'aatii, akkuma seerataa fi sirna isi'iititti jilifadha'a» jedhe. \v 4 Maarre Muuseen akka isaan Jila Irra Dabaramaa jilifatanuuf Israa'elootatti hime. \v 5 Israa'elootille akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti ji'a tokkeesso'oo keessa, guyyaa kudhanii arfeesso'oo dimimmisa galgala goomolee Siina'aa keessatti Jila Irra Dabaramaa jilifatane. \p \v 6 Isaan keessaa namooti akka aadaa dhugeeffanna'aatitti reeffa namaa tuqiisaan battowane, gaafas worra kaan woliin Jila Irra Dabaramaa jilifatiisa hin dandeenne; isaan gaafasuma gara Muuse'eetii fi Aaronii dhufanee, \v 7 «Nuuti reeffa namaa tuqiisaan battoonneerra; garuu Israa'eloota kaan woliin yennaa kennansi kennamu nuuti Mootii Waan Maraatiif kennansa akka hin dhikeessine maaf dhoogganna?» jedhane. \p \v 8 Muuseen deebisee, «Mootiin Waan Maraa marroo teessaniif waan jedhu haga dhage'utti, eegadha'a» isaaniin jedhe. \p \v 9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 10 «Ati Israa'elootaan, ‹Isin keessaa yookiin sanyii teessan keessaa worri reeffa namaa tuqiisaan battowe yoo jiraate yookiin yennaa Jila Irra Dabaramaa karaa fagoo deemiisatti jiru yoo jiraate, Jila Irra Dabaramaa jilifatiisa hin dande'an. \v 11 Garuu ji'a lammeesso'oo, guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti galgala dimimmisa jilifatanuu ti. Buruusoo korbeessa hoole'ee ka Jila Irra Dabaramaatiif qalame san daabboo uukoo hin qannee fi baala hadhowu woliin nyaatanuu ti. \v 12 Isaan foon buruusoo korbeessa hoole'ee san haga boruyyaatitti hin hamburatin yookiin lafee isaalle hin cassin. Isaan yennaa Jila Irra Dabaramaa jilifatanu akka sirna Jila Irra Dabaramaatitti jilifatanuu ti. \v 13 Ammoo nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'ee, karaa adoo hin ideemin Jila Irra Dabaramaa hin jilifatin hafe, kennansa Mootii Waan Maraatiif dhikeessu yennaa isaatitti waan hin dhikeessiniif, inni kolbaa ifii keessaa bawuu ti. Inni akka cubbuu ifiititti itti hin gaafatama. \p \v 14 «‹Alagaan odduu teessan le'u Jila Irra Dabaramaa yoo jilifatuu barbaade, akka seerataa fi sirna Jila Irra Dabaramaatitti jilifatuu ti. Isin worra alaga'aatii fi worra dhalataa biyyaatiif seeraa fi sirna tokkochuma qabaadha'a› jedhi» jedhe. \s1 Duumensa Dunkaanii Dhugaa Bayaatiin Gubba'aa \p \v 15 Gaafa dunkaaniin dhugaa bayaa dhaabbatte, duumensi dhufee isii golle. Duumensi sun galgalaa haga ganamaatitti ibidda fakkaataayyu. \v 16 Gaafa mara akkasuma te'aa ture; duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa golle; inni halkan ibidda fakkaataayyu. \v 17 Yennaa duumensi dunkaanii irraa ka'u mara Israa'elootille ka'anee deeman; addee duumensi bu'etti isaanille hin qubataniiyyu. \v 18 Israa'elooti ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'anee deemanee, ajaja Mootii Waan Maraatiin qubatan. Haga duumensi dunkaanii dhugaa bayaa gubbaa jiru, isaan quttumuma san keessa turan. \v 19 Duumensi dunkaanii dhugaa bayaa irraa adoo hin ka'in guyyaa hedduu yennaa ture, Israa'elooti ajaja Mootii Waan Maraa eegatan malee, ka'anee hin deemanu. \v 20 Yennaa tokko tokko duumensi guyyaa diqqaa qofa dunkaanii dhugaa bayaa irra tura; isaanille ajaja Mootii Waan Maraatiin addee quttuma ifii turan yookiin ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'anee deeman. \v 21 Yennaa tokko tokko duumensi sun galgalaa haga ganamaa qofa dunkaanii dhugaa bayaa irra tura; ganama yennaa duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irraa ka'e, isaanille ka'anee deeman. Galgalalle te'u gamanalle duumensi dunkaanii dhugaa bayaa irraa yennaa ka'e mara isaanille ka'anee deeman. \v 22 Duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irra guyyaa lama yookiin ji'a tokko yookiin yennaa hedduu turulle, Israa'elooti adduma quttumaa turan malee, ka'anee hin deemanu; yennaa duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irraa ka'e ammoo, isaanille ka'anee deeman. \v 23 Isaan ajaja Mootii Waan Maraatiin qubatan; ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'aneelle deeman; isaan ajaja Mootii Waan Maraa ka karaa Muuse'eetiin kenname hin eegataniiyyu. \c 10 \s1 Tultullaa Meetii Irraa Hujaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Kolbaa wolitti waamiisaa fi addee quttumaatii ka'anee akka deemanu godhiisaaf meetii tumante irraa tultullaa lama huji. \v 3 Yennaa tultullaan lamaanuu afuufamanu, kolbaan duudiin seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti, si duratti wolitti qabamanuu ti. \v 4 Yennaa tultullaan tokkochi callaan afuufamu, sooreyyiin fira kolbaa Israa'elii callaan si duratti wolitti qabamanuu ti. \v 5 Yennaa tultullaan tokko qoonqoo guddo'oon afuufamu, gosi karaa aduun baatu qabatteertu kaatee ideentuu ti. \v 6 Yennaa lammeesso'oo, tultullaan yennaa afuufamu, gosi gara kibbaa qubatteertu kaatee ideentuu ti. Guddittee afuufiisi, beessisa ka'anee deemiisaa ti. \v 7 Kolbaa wolitti qabiisaaf, tultullaa afuufi; ammoo guddittee hin afuufin. \p \v 8 «Ilmaan Aaronii hayyooti, tultullaa afuufanuu ti! Kun isiniif, dhaloota dhufuufille seerata bara baraa te'uu ti. \v 9 Biyya teessan keessatti diinota isin cunqursanu loliisaaf yennaa duultanu, tultullaa guddisa'aatii afuufa'a; achiin duuba ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan biratti hin qaabatantan; diinota keessan jalalle'ee hin baatan. \v 10 Akkasuma guyyaa gammadaa, yennaa jila beekkantee, yennaa baatii ji'aatitti, tultullaa kana kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa irratti afuufa'a; kun ana Waaqa keessan duratti yaadannoo isiniif hin te'a. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan» jedhe. \s1 Israa'elooti Goomolee Siina'aa Lakkisanee Deemane \p \v 11 Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'iitii baateen duuba, woggaa lammeesso'oo, ji'a lammeesso'ootitti, guyyaa diddameesso'oo, duumensi dunkaanii dhugaa bayaa san irraa ka'e. \v 12 Achiin duuba Israa'elooti goomolee Siina'aatii bayane, haga duumensi goomolee Phaaraanii keessatti dhaabbatutti ka'anee deemane. \p \v 13 Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajajetti, yennaa jalqabaatiif ka'anee deemane. \v 14 Goliin quttuma Yihuda'aa loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatanee dursanee deemane. Ajajaan isaanii ilma Aminaadaabii Nahasoon. \v 15 Ajajaan loltoota gosa Yisaakorii, ilma Zuwaarii Nataani'el; \v 16 ajajaan loltoota gosa Zebuloonii, ilma Helonii Eliiyaab. \v 17 Achiin duuba dunkaaniin dhugaa bayaa buqqaatee, ilmaan Gershootaatii fi Meraarotaa worri dunkaanii dhugaa bayaa ba'ateerulle ka'anee deemane. \p \v 18 Itti aananee, goliin quttuma gosa Ruubenii loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatanee bayane; ajajaan isaanii, ilma Shiide'urii Eliizur. \v 19 Ajajaan gosa Shimi'oonii, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el. \v 20 Ajajaan gosa Gaadii ilma Dewu'elii Elii'aasaaf. \p \v 21 Achiin duuba Lewwooti fira Qehaatotaa meya woyyicha ba'atanee bayane; adoo isaan quttuma itti aanu hin geyin, dunkaaniin dhugaa bayaa dhaabante. \p \v 22 Itti aananee, goliin quttuma gosa Efreemii loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatane bayane; ajajaan isaanii ilma Amiihudii Eliishaama'a. \v 23 Ajajaan gosa Minaase'ee ilma Phedaazurii Gamaali'el; \v 24 ajajaan gosa Beniyaamiille ilma Gedewoonii Abiidaan. \v 25 Dhuma irratti goliin quttuma gosa Daanii ka karaa duubaatiin quttuma maraafuu eedduu te'ane, loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatanee bayane; ajajaan isaanii ilma Amiishadaayii Ahii'ezer. \v 26 Ajajaan golii gosa Asheerii ilma Okraanii Fagi'el; \v 27 ajajaan golii gosa Naftaalemiille ilma Enaanii Ahiira'a. \v 28 Tarreen duulaa ta Israa'elooti golii goli'iin addee quttumaatii ka'anee ittiin deemane akka kana. \p \v 29 Muuseen abbaa soddaa ifii ilma Ruubenii Miidiyaantichaa Habaabiin, «Nuuti addee Mootiin Waan Maraa, ‹Ani isiniif hin kenna› jedhe sanitti galiisaaf kaaneerra; atille nu woliin koy; Mootiin Waan Maraa waan dansaa Israa'eliif waadaa waan galeef, nuutille waan dansaa si'iif hin goona» jedhe. \p \v 30 Habaab deebisee, «Lakkii, ani hin deemu; ani gara biyya tiyyaatii fi kolbaa tiyyaa deebi'ee deemaara» jedhe. \p \v 31 Muuseen ammoo, «Maganne'ee nu biraa hin deebi'in! Goomolee keessa addee nuuti qubatuu dandeennu hin beetta; sooressa kara'aa nu'uuf teeta. \v 32 Ati yoo nu woliin deente, nuuti waan dansaa Mootiin Waan Maraa nuu kennu san mara si woliin hin qoodanna» jedhe. \s1 Kolbaan Kaatee Deente \p \v 33 Maarre kolbaan gaara Mootii Waan Maraa gaara Siina'aatii kaatee guyyaa sad ideente. Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa addee isaan itti qubatanu isaaniif barbaadiisaaf guyyaa sadiin san isaaniin dura deeme. \v 34 Yennaa isaan addee quttumaatii ka'anu, duumensi Mootii Waan Maraa guyyaa isaaniin gubbaarra deeme. \p \v 35 Yennaa Saanduqi Gondooro'oo ka'ee deemu mara Muuseen, «Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! Diinoti keeti bittinnowanuu ti; nyaaphoti keeti si duraa baqatanuu ti» jedhaayyu. \v 36 Yennaa Saanduqi Gondooro'oo dhaabbatu mara Muuseen, «Ee Mootii Waan Maraa! Gara Israa'eloota kuma heddu'uu deebi'i» jedhaayyu. \c 11 \s1 Gungumiisa Kolba'aa \p \v 1 Kolbaan marroo rakkoo ifiitiif Mootii Waan Maraa irratti gungumiisa jalqadde. Mootiin Waan Maraa yennaa gungunsuu isaanii dhage'e, guddoo aare. Achiin duuba ibiddi Mootii Waan Maraa biraa odduu isaaniititti bobe'ee, quttuma isaanii mogguu takkaa gubee muxuqi godhe. \v 2 Yennaa kolbaan gara Muuse'ee iyyite, inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, ibiddille dhaame. \v 3 Ibiddi Mootii Waan Maraa odduu isaaniititti waan bobe'eef, maqaan addee sanii «Tabeeraa\f + \fr 11:3 \fr*\fqa Tabeeraa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa gubachuu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhamee moggaafame. \s1 Muuseen Sooreyyii Torbaatama File \p \v 4 Worri biyya ormaa gariin ka Israa'eloota woliin jiranu, sagalee dhibii guddoo dharra'ane; Israa'elootille gungumanee, «Foon nyaannu adoo dhaggannee! \v 5 Nuuti biyya Gibxi'ii keessatti gatii malee, qurxummii nyaannu, baaqulaa, waan baaqulaa fakkaatu ka dheedhii nyaatanu, waan goodarree fakkaatu, shunkurti'ii fi qullubbii qaabanne; \v 6 amma ammoo halchaan nyaataa nurraa baddeerti; mannaa tana malee, waan tokkolle hin dhagginu» jedhane. \p \v 7 Mannaan waan midhaan dinbilaalaa fakkaatee, akka ceem'aa jiru. \v 8 Kolbaan asii fi achi deentee qoccee, daaku'utti daatti yookiin mooyye'etti tunti. Achiin duuba isaan okkote'etti iffeelan yookiin bixee hephellittii bixisan. Mi'aan isi'iille akka bixee zayitii ejersaatiin bixifantee ti. \v 9 Halkan fixeensi addee quttumaatitti yennaa bu'u, mannaan sun fixeensa woliin bu'a. \p \v 10 Kolbaan akka maatii maatii ifiititti, seensuma dunkaanii ifii duratti gungumanuun Muuseen dhage'e. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa guddoo aare; Muuseelle akka malee gaddee, \v 11 Mootii Waan Maraatiin, «Maaniif rakkinna kana ana tajaajilaa keeti irratti fidde? Ani dokonkora maan hujee, ati ba'aa kolbaa tana maraa natti feete? \v 12 Natti kolbaa tana mara ulfoyee deye moo? Ati maaniif, ‹Akka guddifattuu annuu habbaarattuu, isaan habbaaradhuutii biyya ani abbootii isaaniitiif kaku'uun waadaa galetti isaan galchi› naan jette? \v 13 Isaan, ‹Foon nyaannu nuu kenni› jedhaa gara kiyya dhufanee natti bowan; isaan kana maraaf ani foon eessaa fuudha ree? \v 14 Kolbaan tun akka ba'aa guddo'oo waan natti ulfaattuuf, ani qofii tiyya kolbaa tana mara ba'atiisa hin dande'u. \v 15 Ati akkana yoo na gootu teete, ammuma ana ijjeesi! Ani si duratti fudhatama dhaggadhee yoo jiraadhe, farra na hin dhaggisiisin» jedhe. \p \v 16 Mootiin Waan Maraa Muuse'een «Maanguddoo Israa'elii keessaa worra sooreyyi'ii fi qondaaltota kolba'aa te'uu isaanii beettu, nama torbaatama wolitti naa qabi. Akka isaan achi si bira dhaabbatanu gara Dunkaanii Woldeenna'aa fidi. \v 17 Ani dhufee achitti si woliin hin dubbadha; Ayyaana si irra jiru irraa qoodee isaan irra hin keya; ati qofii teeti akka hin ba'anne isaanille ba'aa kolba'aa si hin qarqaaran» jedhe. \v 18 Ati ammalle kolba'aan, «Ka isin, ‹Biyya Gibxi'ii keessatti nutti toleeraayyu! Foon nyaannu adoo dhaggannee!› jettanee boottane Mootiin Waan Maraa dhage'eera; amma foon hin nyaataniitii, boruuf ifi woyyoonsa'a! Inni foon isiniif hin kenna; isinille foon hin nyaatan. \v 19 Isin guyyaa tokko yookiin guyyaa lama yookiin guyyaa shan, guyyaa kudhan yookiin guyyaa diddama qofa hin nyaattanu; \v 20 Ammoo isin Mootii Waan Maraa ka odduu teessan jiru jibbitanee, ‹Maaf biyya Gibxi'iitii baane?› jettanee waan isatti gunguntaneef, ji'a tokko guutuu, haga funnaaniin isin dhufutti, haga diqattanutti hin nyaattan» jedhi. \p \v 21 Muuseen ammoo Mootii Waan Maraatiin, «Kunoo kolbaan na woliin jirtu, ta ati, ‹Ji'a guutuu foon isaaniif hin kenna› jettu, laakkossi loltoota miilaa 600,000. \v 22 Adoo hoole'ee fi re'een, loonille karri duudiin isaaniif qalamanelle'ee isaan hin geyaa? Qurxummiin abbaayaa keessaa duudiin isaaniif yoo wolitti qabanelle isaan hin geettii?» jedhe. \p \v 23 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Harki kiyya gabaaba'aa ree? Jechi kiyya akka te'uu fi hin teene ammuma hin dhaggita» jedhe. \p \v 24 Maarre Muuseen gad bayee waan Mootiin Waan Maraa jedhe kolba'atti hime. Inni maanguddoota torbaatama adaala dunkaani'iititti wolitti qabee dhaabbachiise. \v 25 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa duumensa keessa gad dhufee Muuse'etti dubbate. Inni Ayyaana Muuseen qabu irraa qoodee maanguddoota torbaatamaaf kenne. Yennaa Ayyaanni isaan irratti bu'e raaga dubbatane; ammoo itti deebi'anee raaga hin dubbanne. \p \v 26 Maanguddoota torbaatama san keessaa lamaan Eldaadii fi Medaad, addee quttumaatitti hafane malee gara dunkaani'ii hin dhandhe. Te'uu malee, achuma addee quttumaa san keessatti Ayyaanni irratti bu'ee raaga dubbatane. \v 27 Dargaggeessi tokko gara Muuse'ee rukkisee, «Eldaadii fi Medaad addee quttumaa keessatti raaga dubbatiisatti jiran» jedhee itti hime. \p \v 28 Achiin duuba ilmi Nunii Iyaasuun, ka ijoollummaa ifiitii jalqabee qarqaraa Muuse'ee te'e, «Goottaa kiyya Muuse'e! Isaan dhooggi!» jedheen. \p \v 29 Muuseen ammoo deebisee, «Ati naaf jettee hinaafaartaa? Kolbaan Mootii Waan Maraa martinuu adoo raagota te'anee, Mootiin Waan Maraa adoo Ayyaana ifii isaan irratti buusee, ani hin jaaladha!» jedhe. \v 30 Achiin duuba Muuse'ee fi maanguddooti Israa'elii sun gara addee quttumaa deebi'ane. \s1 Mootiin Waan Maraa Barbadi-kille Erge \p \v 31 Dedhuma Mootiin Waan Maraa qilleensa ergee abbaayaa irraa barbadi-kille oofee gara addee quttumaa fide; barbadi-killeen sun lafa irraa meetira tokkoo tuulamanee, addee quttumaatii fi adaala addee quttumaa san maddii maraanuu, haga ideensa guyyaa tokkoo guutane. \v 32 Maarre kolbaan guyyaa sanii fi halkan san guutuu, guyyaa itti aanulle guutuu, barbadi-killee san qabatane; nami homerii kudhanii\f + \fr 11:32 \fr*\fqa Homerii kudhan: \fqa*\ft Homeriin kudhan fe'iisa harre'ee kudhan hin teeti.\ft*\f* gad wolitti qabate hin jiru. Isaan goffatiisaaf adaala addee quttumaa san duudi'itti afane. \v 33 Ammoo foon san adoo nyaatiisatti jiranuu, Mootiin Waan Maraa kolba'atti aaree, balaa guddaa isaanitti fide. \v 34 Tanaaf, worra sagalee dhibii dharra'e waan achitti awwaalaneef, maqaa addee sanii «Qibrot-Hatawaa\f + \fr 11:34 \fr*\fqa Qibrot-Hatawaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Awwaala Halchuu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhane. \p \v 35 Kolbaan Qirot-Hatawa'aa kaatee, Haseroot dhaxxee qubate. \c 12 \s1 Miiryaamii Fi Aaron Muusee Mormane \p \v 1 Muuseen intala worra Itoophiya'aa\f + \fr 12:1 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* waan fuudheef, Miiryaamii fi Aaron isa irratti ka'anee, \v 2 «Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'ee qofaan dubbateeraa? Inni karaa keennalle'een dubbateeraa motii?» jedhane. Mootiin Waan Maraa waan isaan jedhane dhage'e. \v 3 Muuseen namoota lafa irra jiranu mara caalaa, gadhi-laafessa. \p \v 4 Dedhuma Mootiin Waan Maraa Muuse'een, Aaronii fi Miiryaamiin, «Isin sadiinuu gara Dunkaanii Woldeenna'aa kowaa» jedhe. Maarre isaan sadiinuu dhaqane. \v 5 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa utubaa duumensa keessa gad bu'ee, seensuma dunkaani'ii irra dhaabbatee, Aaronii fi Miiryaam waame. Isaan lamaanuu gara duraa yennaa dhufane, \v 6 inni isaaniin, «Amma jecha kiyya dhage'a'a! Raagaan tokko odduu teessan yoo jiraate, ani mudhi'iin isatti ifi mudhisa; oojjuulle'een isatti hin dubbadha. \v 7 Muusee tajaajilaa kiyya woliin ammoo akkas hin dubbadhu; inni mana kiyya mara keessatti addatama'a. \v 8 Ani isa woliin ifatti, fuula duratti dubbadha malee, hiibbo'oonii moti; inni akka akki kiyya jiruuyyuu hin dhagga! Isin attam tajaajilaa kiyya Muusee irratti dubbatiisa sodaatuu dhaddane?» jedhe. \p \v 9 Mootiin Waan Maraa guddoo isaanitti aaree isaan biraa deeme. \v 10 Yennaa duumensi dunkaanii irraa ka'e, Miiryaamiin dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabantee adii akka dhakaa bokkeyaa teete. Aaron garagalee Miiryaam yennaa ilaale, isiin dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabanteertuun dhagge. \v 11 Achiin duuba Aaron Muuse'een, «Maganne'e, goottaa kiyya, cubbuu nuuti gowwumma'aan hunye tana nutti hin laakkowin. \v 12 Akka finna adoo hin dhalatin du'ee, shamiisatti jiruun gadaamessa haadhaa keessaa bayuu, isii hin tolchin» jedhe. \p \v 13 Maarre Muuseen gara Mootii Waan Maraa iyyee, «Ee, Waaqa, isii fayyis!» jedhe. \p \v 14 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Abbaan isi'iituu fuula isi'iititti yoo tufe, isiin guyyaa torba hin fokkifattii motii? Maarre isiin guyyaa torba addee quttumaatii baatuu ti; achiin duuba deebi'uu hin dandeetti» jedhe. \v 15 Maarre Miiryaam addee quttumaatii baatee guyyaa torba turte; haga isiin deebitutti kolbaalle addee quttumaatii hin tachoone. \v 16 Achiin duuba kolbaan sun Haserootii kaatee goomolee Phaaraanii keessa qubatte. \c 13 \s1 Worra Dooyiisaaf Gara Lafa Kana'aanii Ergame \r (Kes. 1:19-33) \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Lafa Kana'aanii ta ani Israa'elootaaf kennu san dhaqanee akka dooyanuuf, gosa Israa'elii kudhanii lamaanuu keessaa sooressa tokko tokko filii ergi» jedhe. \v 3 Maarre Muuseen akka ajaja Mootii Waan Maraatitti goomolee lafa Phaaraanii keessaa isaan erge; isaan martinuu sooreyyii Israa'elootaa ti. \v 4 Maqaan isaanii ka asii gad jiru kana: Gosa Ruubenii keessaa, Shamaa'uu ilma Zaakurii ti; \v 5 gosa Shimi'oonii keessaa, Shaafaatii ilma Horii ti; \v 6 gosa Yihuda'aa keessa, Kaalebii ilma Yofunee ti; \v 7 gosa Yisaakorii keessaa, Yigaalii ilma Yoseefii ti; \v 8 gosa Efreemii keessaa, Hose'aa ilma Nunii ti; \v 9 gosa Beniyaaminii keessaa, Phaaltii ilma Raafuu ti; \v 10 gosa Zebuloonii keessaa, Gaadi'elii ilma Sodii ti; \v 11 gosa Minaase'ee gosa Yoseefii keessaa, Gadii ilma Susii ti; \v 12 gosa Daanii keessaa, Amii'elii ilma Gemaalii ti; \v 13 gosa Asheerii keessaa, Sexurii ilma Mikaa'elii ti; \v 14 gosa Naftaalemii keessaa, Nahibii ilma Wofsii ti; \v 15 gosa Gaadii keessaa, Gewu'elii ilma Maakii ti. \p \v 16 Maqaan namoota Muuseen akka dhaqanee lafa san dooyanuuf erge isaan kana; Muuseen Hose'aa ilma Nuii, «Iyaasuu» jedhee maqaa moggaase. \p \v 17 Muuseen lafa Kana'aanii akka dooyanuuf yennaa isaan erge, «Karaa kibba Kana'aaniitiin\f + \fr 13:17 \fr*\fqa Kibba Kana'aaniitiin: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin Negebiitiin \ft*\ft jedha.\ft*\f* gara biyya koobitti'ii ol baya'aatii, \v 18 latti sun attam akka jirtu, kolbaan achi keessaa jajjadduu yookiin dadhadduu, hedduu yookiin diqqoo akka teete, \v 19 latti isaan keessa le'anu dansaa yookiin badduu akka teete, qachaan isaan keessa le'anu ka dalleya hin qanne yookiin ka dalleya dhaka'aa qabu akka te'e, \v 20 lattille jiituu yookiin godduu akka teete, muki akka irra jiruu fi hin jirre ilaala'a. Itti jabaadha'aatii, midhaan lafa sanii keessaa garii fida'a» jedhe. Yennaan sun yennaa midhaan woyni'ii ka qaraa bilchaatu. \p \v 21 Maarre isaanille ol bayanee goomolee Ziiniitii kaasane haga Rehoobii, ta seensuma qachaa Haamaatitti dhikoo jirtuu dooyane. \v 22 Isaan karaa Negebiitiin\f + \fr 13:22 \fr*\fqa Negeb: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 24:62 irratti kenname ilaali.\ft*\f*, addee sanyiin Aanaaqotaa gosi Ahimaanii, gosi Sheshaayiitii fi gosi Talmaayii le'anu gara Hebroonii dhufane. Hebroon qachaan biyya Gibxi'ii keessaa Zo'aan adoo hin ijaaraminiin dura woggaa torbaan dura ijaarante. \v 23 Isaan dhooqa Eshikolii yennaa geyane, unkuruura midhaan woyni'ii muranee, wodhakkaa isaan lamaaniititti danqaraa irra keyanee gurmuu irratti ba'atanee, midhaan muka Rumaaniitii fi harru'uu woliin fidane. \v 24 Israa'elooti unkuruura midhaan woyni'ii achii waan murataneef, addee san, «Dhooqa Eshikolii\f + \fr 13:24 \fr*\fqa Eshikol: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa unkuruura midhaan woyni'ii \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhanee moggaasane. \p \v 25 Isaan guyyaa afurtamaaf lafa san dooyanee deebi'anee, \v 26 Qaadeshitti goomolee Phaaraanii keessatti gara Muuse'ee, gara Aaroniitii fi gara kolbaa Israa'elii duudi'ii dhufanee waan dhaggane wolde'a duudi'itti himanee, midhaan lafa saniille isaanitti mudhisane. \v 27 Isaan Muuse'een, «Nuuti lafa ati itti nu ergite san dhandheerra; isiin lafa aananii fi dammaa ti; midhaan lafa saniille kunoo ti. \v 28 Garuu kolbaan lafa san keessa leetu jajjaddu'u; qachooti isaaniille akka malee gugurdaa ka dalleya dhaka'aa qabanu; nuuti sanyii Aanaaqotaalle achitti dhaggineerra. \v 29 Worri Amaaleqootaa lafa kibba Kana'aanii keessa le'an; worri Heetotaa, worri Yibusootaatii fi Amoorotaa biyya Koobittii keessa le'an; worri Kana'aanotaa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aatii fi laga Yordaanosii le'an» jedhane. \p \v 30 Achiin duuba Kaaleb kolbaa Muusee duratti cadhisiisee, «Nuuti isaan injifatiisa waan dandeennuuf, ammuma dhandhee lafa san qabannuu ti» jedhe. \v 31 Namooti Kaaleb woliin dhaqane ammoo, «Isaan nu caalaa worra jajjaba waan te'aneef, nuuti isaan loliisaaf hin dandeennu» jedhane. \v 32 Maarre isaan marroo lafa dhaqanee dooyanee oduu gadhee odeessanee, «Latti nuuti dhandhee dooyanne sun, lafa worra isii keessa le'iisaaf dhaqu fixxu; kolbaan nuuti achitti dhaggine martinuu dhedheertu'u. \v 33 Nuuti achitti namoota hojja'aa fi hunnaan nama caalanu sanyii Aanaaqotaa Nefiliim dhaggineerra; nuuti yennaa ifi ilaallu korophiisa ifitti fakkaanne; isaanille'etti akkasuma fakkaanne» jedhane. \c 14 \s1 Kolbaan Gungunte \p \v 1 Halkan san guutuu kolbaan duudiin qoonqoo ol qabattee bootte. \v 2 Israa'elooti marti Muuse'ee fi Aaron irratti gungumanee, wolde'i marti isaaniin, «Biyya Gibxi'ii keessatti yookiin as goomolee keessatti adoo dhumannee jiraannee nuu woyyaayyu! \v 3 Mootiin Waan Maraa maaniif akka shallaaga'aan dhumannu lafa tana nu fide? Dubartooti teennaa fi ijoolleen teenna hin fudhatan. Gara biyya Gibxi'ii deebi'uu nuu hin woyyuu?» jedhane. \v 4 Maarre isaan, «Kowa'a, sooressa filannee, gara biyya Gibxi'ii deebinaa!» woliin jedhane. \p \v 5 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron wolde'a kolbaa Israa'elii mara duratti fuulaan lafatti gad gombifamane. \v 6 Worra lafa dooyane san keessaa lamaan, ilmi Nunii Iyaasu'uu fi ilmi Yofune'ee Kaaleb gaddanee woyaa ifi irratti tarsaasanee, \v 7 Wolde'a kolbaa Israa'elii duudi'iin, «Latti nuuti dooyiisaaf keessa ideenne guddoo dansa'a. \v 8 Mootiin Waan Maraa yoo nutti gammade, lafa aananii fi dammaa tana nuuf kennee itti nu hin galcha. \v 9 Isin callaan Mootii Waan Maraa irratti hin ka'inaa malee, nuuti akka daabbo'oo isaan waan liqinsinuuf, kolbaa biyya sanii hin sodaatina'a. Gaaddisi isaanii isaan irraa deemeera; nu woliin ammoo Mootiin Waan Maraa hin jira; isaan hin sodaatina'a» jedhane. \v 10 Ammoo wolde'i sun duudiin dhaka'aan isaan tumiisaaf dudubbatane. Achiin duuba dedhuma ulfinni Mootii Waan Maraa Dunkaanii Woldeenna'aatitti Israa'eloota maratti mudhate. \s1 Muuseen Kolba'aaf Daadimate \p \v 11 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kolbaan tun haga Yoomii na tuffatti? Adoo ani bilbaasa odduu isaaniititti tolchiisatti jiruu, haga yoomii natti dhugeeffatuu didan? \v 12 Ani balaa itti buusee isaan hin balleessa; si ammoo kolbaa isaan caaltuu fi isaan caalaa jabaattuuf abbaa hin godha» jedhe. \p \v 13 Muuseen ammoo Mootii Waan Maraatiin, «Ati hunna teetiin kolbaa tana biyya Gibxi'ii keessaa waan baatteef, Worri biyya Gibxi'ii waan ati kolbaa tana goote hin dhage'an. \v 14 Worra lafa tana keessa le'utti hin himan. Ee Mootii Waan Maraa, ati fuula duratti mudhattee, kolbaa tana odduu akka jirtu, duumensi keeti isaaniin gubbaa akka jiru, ati guyyaa utubaa duumensaatiin, halkan utubaa ibiddaatiin isaaniin dura akka ideente duruu dhage'aneeran. \v 15 Ati amma yennuma tokkotti kolbaa tana duudii yoo ijjeette, gosi biyya adda addaa ta gurra keeti dhageetteertu, \v 16 ‹Mootiin Waan Maraa kolbaa tana biyya isi'iif kenniisaaf kaku'uun waadaa galetti galchuu waan dadhabeef, goomolee keessatti fixe› hin jedhan. \v 17 Tanaaf, amma Mootii Waan Maraa, hunna teeti nutti mudhisi. Ati dur, \v 18 ‹Ani Mootiin Waan Maraa aariisaaf hin ariifadhu; jaalalli kiyya ka bara baraa gudda'a; cubbu'uu fi irra-dabara namaaf hin lakkisa; te'uu malee, yakkaamessa adoo hin adabin hin lakkisu; ijoollee sababa yakkaa abbooti'iitiif haga dhaloota sadiitii fi afuriititti hin adaba› jetteerta. \v 19 Ammalle akka jaalala keeti guddaa ka bara baraatitti, akkuma yennaa isaan biyya Gibxi'iitii ka'anee jalqaddee haga ammaatitti isaaniif ossatte, kolbaa tana cubbuu isaanii isaaniif araaram» jedhe. \p \v 20 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Akkuma ati daadimattetti, anille isaaniif araarameera. \v 21 Te'uu malee ani jiraataa ulfinni kiyya lafa duudii guutu waan te'eef, \v 22 namoota ulfinna kiyyaa fi bilbaasa adda addaa ka ani biyya Gibxi'iitii fi goomolee keessatti mudhise dhagganee naaf ajajamuu didanee, yennaa hedduu haga na ilaalane kana keessaa nami tokkolle, \v 23 lafa ani abbootii isaaniitiif kaku'uun waadaa gale san ijjumaa hin dhaggu. Worra na tuffate keessaa nami tokkolle ijjumaa isii hin dhaggu. \v 24 Ammoo tajaajilaan kiyya Kaaleb ilaalcha adda te'e waan qabuu fi gadhaa tokkochaan waan na hordofeef, lafa inni dhaqee dooye sanitti isa hin galcha; sanyiin isaalle lafa san hin dhaalti. \v 25 Worri Amaaleqootaatii fi worri Kana'aanotaa dhooqa keessa waan le'anuuf, boru deebi'a'aatii karaa abbaayaa diintu'uutiin gara goomole'ee deema'a» jedhe. \s1 Kolbaan Waan Gungugunteef Mootiin Waan Maraa Adabe \p \v 26 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, \v 27 «Haga yoomii kolbaan jallaamettiin tun na irratti gungunti? Ani gungunsuu Israa'elootaa tana dhage'eera. \v 28 Ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani jiraata'a; waan isin dubbattanuun dhage'e, akkuma isin jettane isin irratti hin godha. \v 29 Isin worri laakkowantane, akka laakkossa keessan maraatitti worri woggaan teessan woggaa diddamaatii fi woggaa diddamaa olii, worri na irratti gunguntane, as lafa goomole'ee tana keessatti hin dhumattan. \v 30 Kaalebii ilma Yofune'eetii fi Iyaasuu ilma Nunii malee, akka isin itti galtanee leetanu lafa waadaa isiniif galetti, isin keessaa nami tokkolle itti hin galu. \v 31 Ijoollee teessan ta isin hin fudhataman jettanu, ani ammoo, lafa isin tuffatane sanitti akka isaan gammadanu isaan itti hin galcha. \v 32 Isin ammoo dhumattanee reeffi keessa goomolee tana keessatti hin hafa. \v 33 Ijoolleen teessan woggaa afurtama goomolee tana keessa tissitoota hin te'an; haga marti keessan duutanee dhumattanutti, sababa dhugeeffannaa dhabiisa keessaniitiif achitti hin rakkatan. \v 34 Akkuma guyyaa afurtama lafa san dooyiisa irratti fixxane, akkasuma guyyaan tokko woggaa tokkotti laakkowamee, woggaa afurtamaaf cubbuu teessaniif hin rakkattan. Yennaa san isin irratti ka'iisa kiyya hin beettan. \v 35 Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera; kolbaa jallaamettii wolii galtee na irratti kaate tana irratti tana hin fida; isaan goomolee tana keessatti du'anee, hin hobba'an jedha› jedhi» jedhe. \p \v 36 Namooti Muuseen akka lafa san dhaqanee dooyanuuf erginaan, achii deebi'anee marroo biyya sanii oduu gadhee kolba'atti odeessanee akka kolbaan Muusee irratti gunguntu godhane, \v 37 marroo lafa sanii oduu gadhee waan odeessaneef, balaan itti bu'ee Mootii Waan Maraa duratti du'ane. \v 38 Namoota lafa san dooyiisaaf dhaqane keessaa, Iyaasuu ilma Nuniitii fi Kaalebii ilma Yofune'ee qofatti hafe. \s1 Lafa Qabatiisaaf Wodhaansa Isaanii \r (Kes. 1:41-46) \p \v 39 Muuseen waan kana Israa'eloota maratti yennaa hime, isaan laaleffatanee bowane. \v 40 Isaan boruyyaa ganama ka'anee biyya koobittii qaccee gaaraatitti ol bayanee, «Nuuti cubbuu hunyeerra; garuu gara addee Mootiin Waan Maraa waadaa nuu galee ol hin baana» jedhane. \v 41 Muuseen ammoo, «Isin ammalle maaf ajaja Mootii Waan Maraatiif ajajamuu diddan? Tun isiniif hin teetu. \v 42 Mootiin Waan Maraa waan isin woliin hin jirreef ol hin bayina'a. Diinoti keessan isin hin injifatan. \v 43 Worri Amaaleqootaatii fi worri Kana'aanotaa achitti isinitti hin dhufan; sababa isin Mootii Waan Maraa irraa fagaattanee innille isin woliin hin jirreef, shallaaga'aan hin dhumattan» jedhe. \p \v 44 Te'uu malee, isaan gara gaara biyya koobitti'ii ol bayiisumatti gamane. Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraatii fi Muuseen ammoo addee quttumaa lakkisanee hin kaane. \v 45 Achiin duuba worri Amaaleqootaatii fi worri Kana'aanotaa ka biyya koobittii san keessa le'anu gad dhufanee, isaan lolanee, haga Horma'aa gad isaan ari'ane. \c 15 \s1 Kennansa Adda Addaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa akka isin keessa leetanuuf ani isiniif kennutti yennaa galtane, \v 3 kennansa gubamuuf yookiin ciinca'aafille, waadaa addaa yookiin kennansa fedhii teessanii yookiin kennansa guyyaa jilaa loon keessaa yookiin hoolee keessaa kennansa foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godha'aatii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. \v 4 Nami kennansa ifii dhikeessu kennansa midhaanii bullaa dansaa gara kiiloogiraama tokkoo, ta zayitii ejersaa gara litirii tokkootiin sukkuumante ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. \v 5 Buruusoo hoole'ee ta kennansa gubamuuf yookiin ciinca'aaf dhikaattu tokko tokkooyyuu woliin kennansa daadhii woyni'ii gara litirii tokkoo dhikeessuu ti. \v 6 Korbeessa hoole'ee woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama lama ta zayitii ejersaa gara litirii tokkoo fi wodhakka'aatiin sukkuumante dhikeessuu ti. \v 7 Daadhii woyni'ii gara litirii tokkoo fi wodhakkaa ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittulle dhikeessuu ti. \v 8 Kennansa gubamuuf yookiin ciinca'aaf, kennansa addaa yookiin kennansa tokkumma'aa dardara tokko ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessu, \v 9 dardara san woliin kennansa midhaanii, bullaan dansaan kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaa gara litirii lamaatiin sukkuumante dhikeessuu ti. \v 10 Kennansa daadhii woyni'iille gara litirii lamaa ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittu dhikeessuu ti. \p \v 11 « ‹Dardara tokko tokkooyyuu, korbeessa hoole'ee tokko tokkooyyuu, buruusoo hoole'eetii fi re'e'ee tokko tokkooyyuu akkuma kanatti dhikeessuu ti. \v 12 Akkuma laakkossi kennansa hori'ii dabalamuun, tokkoofuu akkasuma godha'a. \v 13 Dhalataan biyya Israa'elii martinuu, kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu yennaa dhikeessu, waan kana mara godhuu ti. \v 14 Dhaloota dhufu mara keessatti alagaan yookiin nami dhibiin ka odduu teessan le'u kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu yennaa dhikeessu, akkuma seera isin ittiin dhikeessitanutti dhikeessuu ti. \v 15 Kolbaa keessatti isinii fi alagaa odduu teessan le'uuf seerri tokkuma te'uu ti; kun dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti; isinii fi alagaan odduu teessan le'ulle ana Mootii Waan Maraa duratti tokkuma. \v 16 Isinii fi alagaan odduu teessan le'u seeraa fi qajeelfamuma tokko hin qabaattan jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 17 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 18 «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa ani itti isin geessutti yennaa galtane, \v 19 sagalee lafa saniille yennaa nyaattane, sagalee san irraa kennansa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. \v 20 Midhaan keessan ka qara dhowattane irraa bulla sharante irraa bixee hephellittii takkattii, akkuma midhaan eeddummee irraa fuutanee kennansa dhikeessitanutti kennansa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. \v 21 Dhaloota dhufu mara keessatti, midhaan keessan ka qaraa irraa bullaa sharante irraa, kennansa kana ana Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessitan. \s1 Kennansa Cubbuu Adoo Hin Beekin Hujaneef Dhikaatu \p \v 22 « ‹Isin adoo hin beekin ajaja ani Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje yoo eegatuu dhaddane, \v 23 ajaja ani Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin isin ajaje kana maraa gaafa Muuse'etti kenneen jalqaddanee, dhalootaa haga dhalootaatitti yoo eegatuu dhaddane, \v 24 kolbaalle adoo hin beekin yoo eegatuu dhadde, kolbaan duudiin dardara tokko kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessituu ti! Dardara san wolille'een akka seera isaatitti kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaa woliin, kennansa araara cubbu'uutiifille korbeessa re'e'ee tokko dhikeessituu ti. \v 25 Kolbaan adoo hin beekin waan tolchiteef, adoo hin beekin tolchiisa ifiitiifille kennansa araara cubbu'uu ana Mootii Waan Maraatiif waan dhikeessiteef, hayyichi kolbaa duudi'iif gumaa tolchuu ti; isaan araara hin dhaggatan. \v 26 Kolbaa Israa'elii duudi'ii fi alagaan odduu isaanii le'u duudiin, adoo hin beekin waan itti galaneef, araara hin dhaggatan. \p \v 27 « ‹Nami tokko adoo hin beekin yoo cubbuu huje, suphee re'e'ee ta woggaa tokkoo kennansa araara cubbu'uutiif dhikeessuu ti. \v 28 Hayyichi nama adoo hin beekin cubbuu huje saniif ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa cubbu'uu dhikeessuu ti; inni araara hin dhaggata. \v 29 Dhalataa biyyaa nama Israa'eliille te'u yookiin alagaa maraafuu ka adoo hin beekin cubbuu hujeef, seerri tokkuma. \p \v 30 « ‹Dhalataan biyya Israa'elii yookiin alagaan beekaa yoo cubbuu huje ammoo, ana Mootii Waan Maraa waan tuffateef, kolbaa ifii keessaa bawuu ti. \v 31 Inni jecha kiyya waan faanshesseef, ajaja kiyyalle waan diigeef, nami sun dhugumaan kolbaa keessaa bawuu qaba; yakki isaalle isuma irratti hafa jedha› jedhiin» jedhe. \s1 Nama Sanbataan Hujee Adabame \p \v 32 Israa'elooti yennaa goomolee keessa jiranu, nami tokko guyyaa Sanbataa qoraan caffatuun dhaggane. \v 33 Worri qoraan caffatuun isa dhagge sun gara Muuse'ee fi Aaronii, gara wolde'a Israa'elii duudi'iille isa fide. \v 34 Maan akka isa godhanu waan hin beekkaminiif akka hidhamu godhane. \v 35 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Namichi du'uu qaba; wolde'i duudiin addee quttumaatiin alatti dhaka'aan isa tumuu ti» jedhe. \v 36 Maarre wolde'i duudiin addee quttumaatiin alatti akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, dhaka'aan tumanee isa ijjeesane. \s1 Seera Marroo Handaara Woya'aa \p \v 37 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 38 «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Isin qaccee woyaa teessanii irratti handaara itti baafadha'a; handaara tokko tokkooyyuu irratti jirbii bifa cuquliisaa itti hidha'a. Dhalooti dhufu martinuu tana godhuu ti. \v 39 Waan gadhaan keessan halche, waan ilti teessan dhaggite gula ideentanee akka hin sagaagalle, akka isin ajaja kiyya maraaf ajajantanu handaarri kun isin qaabachiisa. \v 40 Achiin duuba isin ajaja kiyya maraaf ajajamiisa hin qaabattan; ana Waaqa keessaniifille hin woyyoontan. \v 41 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, ka Waaqa isinii te'iisaaf biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jedha› jedhiin» jedhe. \c 16 \s1 Qoraahi, Daataanii Fi Abiiram Finqila Kaasane \p \v 1 Ilmi Yizhaarii Qoraahi akaakoon Qehaatii sanyii Lewwi'ii, ilmaan Eliiyaabii Daataanii fi Abiiram, ilmi Pheletii On worri sanyii Ruubenii, \v 2 isaan wolille'een dhiirti Israa'elootaa dhibbi lamaa fi shantam, sooreyyiin kolba'aa worri beekkamane, miseensoti kora mura'aa Muusee irratti ka'ane. \v 3 Isaan Muuse'ee fi Aaron mormiisaaf wolitti qabamanee dhufanee, isaaniin, «Isin ijjumaa bira dabartane! Kolbaan duudiinuu woyyoota; tokko tokkoo isaaniituu Waaqi isaan woliin jira; maarre isin maaf wolde'a Waaqaa irratti ol ifi qaddan ree?» jedhane. \p \v 4 Muuseen yennaa tana dhage'e, fuulaan lafatti gombifame. \v 5 Achiin duuba Muuseen Qoraahii fi hordofattoota isaa maraan, «Boru barii Mootiin Waan Maraa ka isaa eennu akka te'e, woyyichille eennu akka te'e hin mudhisa; nama san gara ifii hin fida; inni nama filatu san gara ifii hin dhikeessa. \v 6 Atii fi hordofattooti teeti martinuu girgiraa qabadha'aatii, \v 7 boru barii Mootii Waan Maraa duratti kashilaa fi hixaana itti naqa'a. Nami Mootiin Waan Maraa filate nama woyyicha hin te'a. Isin worri Lewwootaa ijjumaa bira dabartaneertan» jedhe. \p \v 8 Muuseen ammalle Qoraahiin, «Ammalle, isin Lewwooti dhage'a'a! \v 9 Waaqi Israa'elii isatti dhikaattanee hujii dunkaanii dhugaa bayaa ta Mootii Waan Maraa akka hujjanuuf, kolbaa dura dhaabbatanee akka isaan tajaajiltanuuf, kolbaa Israa'elii keessaa adda isin baasuun isaa isinitti diqqaattee ree? \v 10 Inni isinii fi Lewwoota obboleeyyan teessan maraayyuu ifitti dhikeesseera; isin ammoo ammalle hayyoota te'iisaaf barbaaddan. \v 11 Tanaaf atii fi hordofattooti teeti martinuu Mootii Waan Maraa mormiisaaf wolitti qabantane; Aaroniin isin irratti gunguntanu sun eennu inni?» jedhe. \p \v 12 Achiin duuba Muuseen ilmaan Eliiyaabii Daataanii fi Abiiramitti ergee waansise. Isaan ammoo, «Nuuti hin dhunnu; \v 13 ati lafa aananii fi dammaa keessaa nu baachee goomolee keessatti nu ijjeesiisaaf ka as nu fidde si hin geettuu? Ammalle nu irratti goottaa te'iisaaf barbaaddaa? \v 14 Ati lafa aananii fi dammaatitti nu hin galchine yookiin ficha'aa fi lafa woyni'ii nuu hin kennine; ati ballaa nu seetaa? Lakkii, nuuti hin dhunnu» jedhane. \p \v 15 Achiin duuba Muuseen guddoo aaree, Mootii Waan Maraatiin, «Ati kennansa isaanii hin fudhatin. Ani harree tokkolle isaan irraa hin fudhanne yookiin isaan keessaa nama tokkolle hin miine» jedhe. \p \v 16 Saniin duuba Muuseen Qoraahiin, «Boru atii fi hordofattooti teeti martinuu, Aaronille Mootii Waan Maraa duratti dhaggama'a. \v 17 Namooti keeti martinuu girgiraa ifii qabatanee, hixaana itti naqatanuu ti; wolumatti girgiraa dhibba lamaa fi shantama, Mootii Waan Maraa dura dhikeessanuu ti; atii fi Aaronille dhikeessa'a» jedhe. \v 18 Maarre nami tokko tokkooyyuu girgiraa ifii qabatee, kashilaa fi hixaana itti naqatee, Muuse'ee fi Aaron woliin addee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dhaabbate. \v 19 Qoraahi hordofattoota ifii mara fuullee Muuse'ee fi Aaronitti, seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti yennaa wolitti qabe, ulfinni Mootii Waan Maraa wolde'a duudi'itti mudhate. \v 20 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, \v 21 «Ani ammuma akka isaan balleessu, isin wolde'a kana irraa adda baya'a» jedhe. \p \v 22 Muuse'ee fi Aaron ammoo lafatti gad gombifamanee iyyanee, «Ee Waaqa, ati Waaqa dada maraaf jiruu kennitu. Nami tokko yoo cubbuu huje, ati wolde'a duudi'itti aartaa ree?» jedhane. \p \v 23 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 24 «Ati kolba'aan, ‹Dunkaanii Qoraahii irraa, dunkaanii Daataaniitii fi dunkaanii Abiiramii irraa fagaadha'a› jedhiin» jedhe. \p \v 25 Maarre Muuseen ka'ee gara Daataaniitii fi Abiiramii dhaqe; jaarsoleen Israa'elii isa gula deemane. \v 26 Inni wolde'a ifi eeggachiisee, «Dunkaanii namoota jallaameyyii kanaa irraa fagaadha'a! Waan isaanii hin tuqina'a; yoo akkas hin te'in sababa cubbuu isaanii maraatiif isaan woliin hin baddan» jedhe. \v 27 Maarre isaan dunkaanii Qoraahii irraa, dunkaanii Daataaniitii fi Abiiramii irraa fagaatane. \p Daataanii fi Abiiram bayanee dhufanee addee seensuma dunkaanii ifii, dubartoota ifiitii fi ijoollee ifii woliin dhaabbataniiyyu. \v 28 Achiin duuba Muuseen wolde'aan, «Waan kana mara akka ani godhu Mootiin Waan Maraa akka na ergeeru, anille hujii tana mara ka huju yaaduma kiyyaan akka hin te'in tanaan beettan: \v 29 Namooti kun akkuma nami martinuu du'u yoo du'ane yookiin wonni nama irratti te'u callaan yoo isaan irratti teete, Mootiin Waan Maraa na hin ergine. \v 30 Ammoo Mootiin Waan Maraa waan te'ee hin beenne godhee, waan isaanii mara woliin, latti afaan ifii bantee isaan liqinsitee, isaan jiru'uun addee worri du'e jirutti yoo gad bu'ane, namooti kun akka Mootii Waan Maraa tuffataneeranu hin beettan» jedhe. \p \v 31 Akkuma Muuseen dubbii tana fixateen, latti Daataanii fi Abiiram jalaa gargar baqaxxee, \v 32 afaan bantee isaanii fi maatii isaanii, hordofattoota Qoraahiitii fi waan isaan qabanu mara woliin liqinsite. \v 33 Maarre isaan jiru'uun addee worri du'e jirutti waan qabanu mara woliin gad bu'ane; latti itti cufantee, isaan kolbaa keessaa badane. \v 34 Kolbaan israa'elii ta adaala isaanii jirtu marti, iyya isaanii yennaa dhageette, «Latti nu'ulle hin liqinsiti fa'a» jettee baqatte. \p \v 35 Ibiddille Mootii Waan Maraa biraa dhufee namoota dhibba lamaa fi shantama, worra hixaana aarsiisatti jiru muxuqi godhe. \p \v 36 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 37 «Ele'azaarii ilma Aaronii hayyichaatiin, ‹Girgirooti hixaana itti aarsane sun woyyoota waan te'aneef, kashila keessaa fuudhi; kashila san fageessii bittinneessi. \v 38 Girgirooti kun girgiroota namooti jiruu ifii balleessiisaaf cubbuu ittiin hujane; girgirooti kun gara Mootii Waan Maraa dhikaatanee waan woyyoomaneef, hephelleessii tumiitii, gonfaa addee ciinca'aa godhi. Kolbaa Israa'eliitiif ifi eeggannoo te'anuu ti› jedhiin» jedhe. \v 39 Maarre Ele'azaariin hayyichi girgiraa sageettuu irraa hujamane, ka namooti gubatanee fixamane hixaana itti aarsane san fuudhee, hephelleessee tumee addee ciinca'aatiif gonfaa godhe. \v 40 Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin isatti hime, sanyii Aaronii malee, eennulle Mootii Waan Maraa dura dhikaatee hixaana akka hin aarsineef, akka Qoraahiitii fi akka hordofattoota isaalle akka hin teene, Israa'elootaaf waan ittiin qaabatanu godhe. \s1 Aaron Kolbaa Balaa Jalaa Baase \p \v 41 Boruyyaa kolbaan Israa'elii duudiin, «Isin kolbaa Mootii Waan Maraa ijjeettaneertan» jedhanee, Muuse'ee fi Aaron irratti gungumane. \v 42 Yennaa wolde'i Muuse'ee fi Aaron mormiisaaf wolitti qabamee gara Dunkaanii Woldeenna'aa deebi'e ammoo, dedhuma duumensi Dunkaanii Woldeenna'aa gollee, ulfinni Mootii Waan Maraalle mudhate. \v 43 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron gara Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhaqane. \v 44 Mootiin Waan Maraalle Muuse'een, \v 45 «Ani ammuma akka isaan fixuuf isin wolde'a kana irraa fagaadha'a» jedhe. \p Muuse'ee fi Aaron fuulaan lafatti gad gombifamane. \v 46 Achiin duuba Muuseen Aaroniin, «Mufiin Mootii Waan Maraa biraa baateerti; balaan jalqabeera; ati girgiraa keeti fudhadhuutii, kashila ibidda addee ciinca'aa irraa itti naqiitii, hixaanalle itti naqiitii, cubbuu isaaniitiif gumaa tolchiisaaf ariifadhuu gara wolde'aa gad bayi» jedhe. \v 47 Maarre Aaron akkuma Muuseen ajaje, girgiraa fudhatee, addee balaan jalqabeeru san rukkisee wolde'a odduu seenee, hixaana aarsee, cubbuu kolba'aatiif gumaa cubbu'uu tolche. \v 48 Inni worra du'anee fi worra jiranu wodhakkaa dhaabbate; balaalle dhaabbate. \v 49 Te'uu malee, worra sababa Qoraahiitiif dhumate adoo hin dabalatin, worri balaa saniin dhumate kuma kudhanii afurii fi dhibba torba. \v 50 Balaan waan dhaabbateef, Aaron addee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti gara Muuse'ee deebi'e. \c 17 \s1 Uleen Aaronii Quunxite \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Israa'elootatti himiitii, sooressitoota gosa abbootii isaanii ta durii irraa ulee tokko tokko wolumatti ulee kudhanii lama fuudhiitii, ulee nama tokko tokkootuu irratti maqaa isaa barreessi. \v 3 Sooressi gosa abbootii isaanii ta durii tokko ulee tokko waan qabuuf, ulee gosa Lewwi'ii irratti maqaa Aaronii barreessi. \v 4 Uloota san fuudhiitii, addee ani si'iin itti wol dhaggu, Dunkaanii Woldeenna'aa keessa Saanduqa Gondooro'oo dura keyi. \v 5 Achiin duuba uleen nama ani fileeruu hin quunxiti. Akka kanaan gungumiisa Israa'elootaa ta isaan yennaa mara si irratti gungumanu si irraa kuta» jedhe. \p \v 6 Maarre Muuseen kanuma Israa'elootatti hime; sooreyyiin gosa Israa'eliille akka gosa gosa ifiititti ulee tokko tokko, wolumatti ulee kudhanii lama isatti kennite; uloota san keessaa takkattiin ulee Aaronii ti. \v 7 Achiin duuba Muuseen uloota san dunkaanii dhugaa bayaa keessaa Mootii Waan Maraa dura keye. \p \v 8 Boruyyaa, Muuseen gara dunkaanii dhugaa bayaa yennaa ol seene, uleen Aaronii ta maqaa gosa Lewwi'iitiin dhikaatte, quunxitee, daraartee, midhaan muka, «Almond» jedhamuu buutteertiiyyu. \v 9 Achiin duuba Muuseen uloota san mara Mootii Waan Maraa duraa fuudhee Israa'eloota maratti mudhise. Isaan uloota san ilaalanee, sooreyyiin tokko tokkoon isaaniituu ulee ifii fudhatane. \v 10 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Worra finqila'aaf beessisa akka teetu, ulee Aaronii Saanduqa Gondooro'oo duratti deebisi. Tun isaan na irratti gungumanee akka hin dhumanne gooti» jedhe. \v 11 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe. \p \v 12 Achiin duuba Israa'elooti Muuse'een, «Nuuti hin duuna! Nuuti dhumataarra! Marti keennaayyuu badaarra! \v 13 Nami tokkolle yoo dunkaanii dhugaa bayaa ta Mootii Waan Maraa bira dhufe hin du'a. Marti keennaayyuu dhumannuu tii ree?» jedhane. \c 18 \s1 Hujii Hayyootaatii Fi Lewwootaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Aaroniin, «Atii fi ilmaan teeti, maatiin abbootii teetii ta durii yakkaa addee Woyyittii keessatti hujjaneef itti gaafatantan; yakkaa tajaajila hayyumma'aatiif ammoo si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama. \v 2 Atii fi ilmaan teeti, dunkaanii dhugaa bayaa duratti yennaa tajaajiltanu akka isin qarqaaranu, gosa abbootii teetii ta durii keessaa obboleeyyan teeti Lewwoota as fidi. \v 3 Isaan itti gaafatamummaa teeti jalatti hujii dunkaani'ii hujanuutii malee, meya Addee Woyyitti'ii yookiin addee ciinca'aa tuquu hin qabanu. Yoo tuqane atii fi isaanille hin duutan. \v 4 Isaan itti gaafatamummaa eegiisa Dunkaanii Woldeenna'aa fudhatanee, hujii dunkaanii keessatti hujatu mara hujiisaan si qarqaaran; nami gosa Lewwi'ii hin te'in ammoo si woliin hin hujin. \v 5 Mufiin tiyya ammalle Israa'elootatti akka hin deebine, tajaajila Addee Woyyitti'iitii fi addee ciinca'aa si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama. \v 6 Ani Mootiin Waan Maraa obboleeyyan teessan Lewwoota, Israa'eloota oddu'uu filee, hujii Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa akka hujanuuf isinii kenneera. \v 7 Te'uu malee, hujii addee ciinca'aatii fi hujii gollaa keessaa mara si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama. Akka isin hayyoota teetanee tajaajiltanuuf, ani hujii hayyumma'aa isiniif kenneera; isin malee nami dhibiin ka addee woyyitti'itti dhikaatu ijjeefamuu ti» jedhe. \s1 Qooda Hayyootaa \p \v 8 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Aaroniin, «Kennansa naaf dhikaatu mara irratti itti gaafatamaa si godheera; kennansa woyyicha Israa'elooti naaf kennitu mara si'ii fi ilmaan teetiif qooda yennaa maraa akka te'u kenneera. \v 9 Kennansa irra caalaa woyyichaa ka ibiddaan hin gubanne ifiif fudhadhu; kennansa irra caalaa woyyichaa ka isaan naaf kennanu marti, kennansi midhaanii yookiin kennansi gumaa cubbu'uutiif dhikaatu yookiin kennansi isaan sababa yakka'aatiif dhikeessanu marti keetii fi ka ilmaan teetii ti. \v 10 Addee Woyyittii keessatti waan kana mara nyaadhu; dhiirti marti waan kana nyaattuu ti; wonni kun si'iif woyyu'u. \p \v 11 «Kennansi tachoofamu ka Israa'elooti dhikeessitu marti keeti te'uu ti; ani si'iif, ilmaan teetii fi ijoollee durraa teetiif qooda yennaa maraa akka te'u kenneera. Nami mana keeti keessa jiru ka akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu hin dande'a. \p \v 12 «Zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii keessaa ta caaltu, midhaan mata'aa keessaa ka caalu, ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif kennane ani sii hin kenna. \v 13 Midhaan mata'aa ka lafa isaanii keessaa, ka isaan ana Mootii Waan Maraatiif fidanu marti keeti. Nami mana keeti keessa jiru ka akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu hin dande'a. \p \v 14 «Israa'el keessaa wonni ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame marti keeti te'uu ti. \p \v 15 «Wonni Angafa te'e marti, nami yookiin horiin ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessanu keeti te'anuu ti. Angafa namaatii fi angafa hori'ii ka qulqulluu hin te'iniif ammoo wodoo fudhatuu qadda. \v 16 Ijoolleen ji'a tokkoo, akka sheeqelii Addee Woyyitti'iititti meetii sheeqelii shan ta gara geraa diddama madaaltuun wodamanuu ti. \v 17 Angafi loonii, angafi hoole'ee, angafi re'e'ee ammoo woyyuu waan te'aneef wodoo hin fudhatin; dhiiga isaanii addee ciinca'aatitti fiffixi; cooma isaanille kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhiitii addee ciinca'aa irratti gubi. \v 18 Foon isaanii akkuma foon cormi'iitii fi foon luka middaa ka kennansa tachoofamuuf dhikaatuu keeti te'uu ti. \p \v 19 «Kennansi woyyichi ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu marti si'iif, ilmaan teetii fi ijoollee durraa teetiif qooda yennaa mara akka te'u kenneera. Tun si'ii fi sanyii teetiif ana Mootii Waan Maraa duratti Gondooroo sooddaa ti\f + \fr 18:19 \fr*\fqa Gondooroo sooddaa: \fqa*\ft Gondooroon sooddaan godhantu ta ijjumaa hin diiganne.\ft*\f*» jedhe. \p \v 20 Mootiin Waan Maraa ammalle Aaroniin, «Ati lafa Israa'elii keessaa dhaala hin fudhatu; Israa'el odduulle'etti qooda lafaa hin qabaattu. Israa'el oddu'utti ani Mootiin Waan Maraa qooda keetii fi dhaala keeti. \s1 Qooda Lewwootaa \p \v 21 «Lewwooti Dunkaanii Woldeenna'aa keessa waan tajaajilanuuf, waan kolbaan Israa'elii kudhan keessaa tokko naaf fiddu mara ani isaaniif dhaala godhee kenneera. \v 22 Cubbuu itti te'ee akka hin duune, Israa'elooti dhibiin ammaa jalqabanee Dunkaanii Woldeenna'aatitti hin dhikaatin. \v 23 Worri Lewwootaa Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanuu ti. Isaan yakkaa achi keessatti hujanuuf itti hin gaafataman. Kun dhaloota dhufuuf seerata bara baraa ti. Isaan Israa'eloota oddu'utti lafa dhaalanu hin qabaatanu. \v 24 Waan Israa'elooti kudhan keessa tokko kennansa addaa godhanee ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessanu, ani Lewwootaaf kenneera; tanaaf ani isaaniin, ‹Israa'eloota oddu'utti lafa dhaaltanu hin qabaattanu› jedheera» jedhe. \p \v 25 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 26 «Ati worra Lewwootaatiin, ‹Waan Israa'elooti kudhan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif fiddu, ka ani dhaala keessan godhee isiniif kennu san yennaa fudhattanu, isinille ka fudhattanne san keessaa kudhan keessaa tokko kennansa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. \v 27 Kennansi keessan kun akka midhaan eeddummee keessaa kennamuutii fi akka cunfaa woyni'ii ta addee woynii itti cunfanu keessaa kennantuutitti isiniif hin laakkowama. \v 28 Akka kanaan isinille waan Israa'elooti kudhan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif fiddu, ka fudhattanu mara irraa qooda kiyya Aaronii hayyichatti kenna'a. \v 29 Kennansa fudhattanu mara keessaa ka irra caalaa dansaa te'ee fi irra caalaa woyyicha te'e qooda kiyya godha'aatii dhikeessa'a. \v 30 Isin waan irra caalaa dansaa san yennaa dhikeessitanu, akkuma midhaan eeddummee keessaa kennamuutii fi akka cunfaa woyni'ii ta addee woynii itti cunfanu keessaa kennantuutitti isiniif hin laakkowama. \v 31 Tajaajila isin Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiltanuuf kaffaltii waan isinii te'uuf, isinii fi maatiin teessan waan hafe san eessalle'etti nyaatuu hin dandeettan. \v 32 Eega waan irra caalaa dansaa te'e dhikeessitane, isin yakkaameyyii hin teetanu. Achiin duuba kennansa woyyicha Israa'elootaa hin batteessitanu; hin duutanulle'e› jedhi» jedhe. \c 19 \s1 Seera Bisaan Ittiin Qulqulloomiisaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, \v 2 «Kun qajeelfama seeraa ka ani ajaje: Goronsa arrowa komii hin qanne, ka waanjoon mormarra keyamee hin beenne akka fidanu Israa'elootatti himi. \v 3 Goronsa san Ele'azaarii hayyichatti kenna'a. Goronsi sun fuudhamee addee quttumaatiin alatti hayyicha duratti gorra'amuu ti. \v 4 Achiin duuba hayyichi Ele'azaar dhiiga goronsaa quba ifiitiin diqqaa isaa fuudhee yennaa torba fuullee Dunkaanii Woldeenna'aatitti fiffixuu ti. \v 5 Goronsi sun gogaan isaa, foon isaa, dhiigii fi meen gadhaa isaalle duudiin hayyicha duratti gubamuu ti. \v 6 Hayyichi muka hindheensaa, damee hisoophiitii fi liilana diimaa fuudhee ibidda goronsi keessatti gubamiisatti jiru sanitti qolaansuu ti. \v 7 Achiin duuba, inni woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatee, gara addee quttumaa deebi'uu ti; garuu haga galgalaatitti akka aadaa dhugeeffannna'aatitti qulqullu'uu moti. \v 8 Nami goronsa gube woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; innille haga galgalaatitti qulqullu'uu moti. \v 9 Achiin duuba nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e daadhaa goronsaa san haree, addee quttumaatiin alatti, addee akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu teete keessatti naquu ti; daadhaan sun kolbaa Israa'eliitiif bisaan ittiin qulqulloomanu qopheessiisaaf te'a. Kunille cubbuu irraa ittiin qulqulleessiisaaf te'a. \v 10 Namichi daadhaa goronsaa harelle woyaa ifii dhiqatuu ti; innille haga galgalaatitti qulqullu'uu moti. Kun Israa'elootaa fi orma odduu isaanii le'uufille seerata haga bara baraa hin te'a. \p \v 11 «Nami reeffa namaa tuqe marti guyyaa torbaaf akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqullu'uu moti. \v 12 Inni guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo bisaaniin ifi qulqulleessuu ti; achiin duuba qulqulluu hin te'a; guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo yoo ifi hin qulqulleessin ammoo qulqulluu hin te'u. \v 13 Nami reeffa namaa tuqee adoo ifi hin qulqulleessin hafe, dunkaanii dhugaa bayaa tiyya hin batteessa; inni kolbaa Israa'elii keessaa bawuu ti. Bisaan ittiin qulqulloomiisaa isatti waan hin fiffixaminiif, battummaan isaa isuma irratti hafa. \p \v 14 «Nami tokko dunkaanii keessatti yennaa du'u seerri muummeffamu ka asii gad jiru: Nami tokko dunkaanii keessatti yoo du'ee, nami dunkaanii keessa jiru yookiin nami gara dunkaanii sanii seenu guyyaa torbaaf qulqullu'uu moti. \v 15 Meen afaan banaa jiru ka cuqqaallaan jabaan irra hin jirre marti qulqullu'uu moti. \v 16 Nami nama shallaaga'aan diidatti ijjeefameeru yookiin nama akkasumaan du'eeru yookiin lafee namaa yookiin irreensa namaa tuqe, guyyaa torbaaf qulqullu'uu moti. \p \v 17 «Nama san qulqulleessiisaaf, daadhaa goronsa arrowaa ka cubbuu ittiin qulqulleessiisaaf gubate irra diqqaan isaa fuudhamee, okkote'etti naqamee, bisaan maddaa itti naqamuu ti. \v 18 Achiin duuba nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e damee hisoophii fuudhee, bisaan keessa cuuphee, dunkaani'itti, waan dunkaanii keessa jirutti, namoota achi jiranu maratti, ka lafee nama du'ee tuqetti yookiin ka irreensa tuqetti yookiin ka nama ijjeefame tuqetti yookiin ka reeffa nama akkasumaan du'e tuqetti fiffixuu ti. \v 19 Nami qulqulluu te'e, guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo nama qulqulluu hin te'initti bisaan fiffixuu ti. Guyyaa torbeesso'oo sanitti isa qulqulleessuu ti. Nami qulqulloome sun woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatee, galgaluma san hin qulqullooma. \p \v 20 «Nami qulqulluu hin te'in ammoo, yoo ifi hin qulqulleessin, addee woyyittii tiyya waan batteesseef, kolbaa keessaa bawuu ti; bisaan ittiin qulqulloomiisaa waan itti hin fiffixaminiif inni qulqullu'uu moti. \v 21 Kun seera haga bara baraa isaaniif te'uu ti; nami bisaan ittiin qulqulloomiisaa itti fiffixame woyaa ifii dhiqatuu ti; nami bisaan itti qulqulloomiisaa tuqe marti haga galgalaatitti qulqullu'uu moti. \v 22 Wonni nami qulqulluu hin te'in tuqe marti qulqullu'uu moti; nami waan qulqulluu hin te'in san tuqelle haga galgalaatitti qulqullu'uu moti» jedhe. \c 20 \s1 Bisaan Rassaa Keessaa Madde \r (Bay. 17:1-7) \p \v 1 Ji'a tokkeesso'oo keessa kolbaan Israa'elii duudiin gara goomolee Ziinii dhuttee Qaadeshitti qubatte. Achitti Miiryaam duutee awwaalante. \p \v 2 Addee san bisaan waan hin jirreef, Muuse'ee fi Aaron mormiisaaf, kolbaan wolitti qabante. \v 3 Kolbaan Muuse'ee fi Aaron loltee, «Yennaa obboleeyyan teenna Mootii Waan Maraa duratti dhumatanu nuutille adoo dhumannee jiraannee! \v 4 Isin maaf kolbaa Mootii Waan Maraa as goomolee tana keessa nu fiddane? Nuutille, horiin keennalle akka asitti dhumannuufii motii ree? \v 5 Biyya Gibxi'ii keessaa nu baattanee addee wonni tokko itti hin lanne maaf nu fiddane? Addee tana midhaan, harruun, woyniin, midhaan muka rumaanii hin jiru; bisaan unanuuyyuu hin jiru» jedhane. \v 6 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron kolbaa irraa hiiqanee gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dhaqanee, fuulaan lafatti gad gombifamanee, ulfinni Mootii Waan Maraalle isaanitti mudhate. \p \v 7 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 8 «Ulee teetii fudhadhuutii atii fi obboleessi keeti Aaron wolde'a wolitti qaba'a; achitti isaan mara duratti rassa'atti dubbadha'a; rassaa san keessaa bisaan hin burqa. Akkanaan ati rassaa keessaa kolba'aaf bisaan baachee, isaanii fi horiille hin unan» jedhe. \v 9 Maarre Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje dhaqee, ulee fuula Mootii Waan Maraa duraa fudhate. \p \v 10 Muuse'ee fi Aaron rassaa duratti wolde'a wolitti qabanee, Muuseen kolba'aan, «Isin worri jallaameyyiin, dhage'a'a! Nuuti rassaa kana keessaa bisaan isiniif baanyaa ree?» jedhe. \v 11 Achiin duuba Muuseen harka ifii ol kaasee, ulee ifiitiin yennaa lama rassaa san dhowe; bisaan keessaa lola'ee, kolba'aa fi horiin isaaniille unane. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa ammoo Muuse'ee fi Aaroniin, «Israa'eloota duratti ana woyyicha gootanee ulfeessiisaaf, natti waan hin addatiniif, lafa ani isaanii kennetti isaan hin galchitanu» jedhe. \p \v 13 Addeen Israa'elooti Mootii Waan Maraatiin morminaan, Mootiin Waan Maraa woyyummaa ifii isaanitti mudhise addee bisaan Mariibaa\f + \fr 20:13 \fr*\fqa Mariibaa: \fqa*\ft Yaadannoo Bay. 17:7 irratti kenname ilaali.\ft*\f* ti. \s1 Mootiin Edoomii Israa'el Dabaruu Dhoogge \p \v 14 Muuseen Qaadeshi irraa gara mootii Edoomii ergantootaa ergee, «Obboleessi keeti Israa'el, ‹Rakkinna nu irra dhaqqabe mara hin beetta; \v 15 abbootiin teenna ta durii gara biyya Gibxi'ii gad bu'anee, nuutille bara hedduu achi leene. Worri biyya Gibxi'ii abbootii teennaa fi nu'ulle cunqursanee, \v 16 yennaa nuuti gara Mootii Waan Maraa iyyine ammoo, inni iyya teenna dhage'ee ergamaa ergee biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. Amma tuuti meessaa lafa teetii, qachaa Qaadeshii jirra. \v 17 Maganne'ee lafa teeti keessa akka dabarru nuu eeyyami. Nuuti fichaa nama tokkoo yookiin oorruu woynii nama tokkoolle keessa hin baanu, baleessa tokkolle keessaa bisaan hin unnu; haga lafa teeti keessa dabarrutti karaa guddaa mootichaa irraa asii fi achi middaa fi bitaa adoo hin gorin hin ideenna› jedha'aa itti hima'a» jedhe. \p \v 18 Mootiin Edoomii deebisee, «Nuuti akka isin biyya teenna keessa dabartanu hin eeyyannu! Dabariisaaf yoo wodhaantane, shallaaga'aan baanee isin lolla» jedhe. \p \v 19 Israa'elooti deebisanee, «Nuuti karaa guddaa irraa hin gorru, nuutille yookiin horiin keennalle yoo bisaan keessan une hin kaffalla; nuuti miila qofaan keessa dabarra malee, waan dhibii womaa hin goonu» jedhane. \p \v 20 Mootiin Edoomii ammalle deebisee, «Isin as keessa hin dabartanu» jedhe; achiin duuba isaan loliisaaf, loltoota baca'aa fi hunnaameyyii woliin baye. \v 21 Mootiin Edoomii worra Israa'elootaa lafa ifii keessa dabariisa waan dhooggeef, Israa'elooti irraa goranee karaa dhibii deemane. \s1 Du'a Aaronii \p \v 22 Kolbaan Israa'elii duudiin Qaadeshii kaatee gara gaara Hoorii dhaxxe. \v 23 Gaara Hoorii ka meessaa lafa Edoomiititti, Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, \v 24 «Aaron hin du'a; isin lamaanuu bisaan Mariiba'aa biratti diddanee seera kiyya irratti waan kaataneef, inni gara lafa ani Israa'elootaaf kennetti hin galu. \v 25 Aaronii fi ilma isaa Ele'azaar fuudhiitii gaara Hooriititti ol bayi; \v 26 achitti woyaa Aaronii hayyicha gudda'aa ta hayyumma'aa irraa baasiitii ilma isaa Ele'azaaritti uffisi. Aaron achitti hin du'a» jedhe. \v 27 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa ajaje godhe; isaan kolbaan duudiin adoo ilaaltuu gara gaara Hoorii ol bayane. \v 28 Muuseen woyaa Aaronii ta hayyumma'aa irraa baasee ilma isaa Ele'azaaritti uffise. Aaron achitti qaccee gaaraa irratti du'e. Achiin duuba Muuse'ee fi Ele'azaar gara irraa gad bu'ane. \v 29 Kolbaan duudiin Aaron akka du'e yennaa dhageette, Israa'elooti martinuu guyyaa soddoma isaaf bowane. \c 21 \s1 Kana'aanoti Injifatamane \p \v 1 Mootichi Araadii nami biyya Kana'aanotaa, ka Negeb\f + \fr 21:1 \fr*\fqa Negeb: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 24:62 irratti kenname ilaali.\ft*\f* keessa le'u, Israa'elooti karaa Ataariim geessuun dhufiisatti akka jiranu yennaa dhage'e, isaan lolee, isaan keessaa garii booji'e. \v 2 Achiin duuba Israa'elooti, «Ati yoo kolbaa tana harka keennatti dabarsitee kennite, nuuti qachoota isaanii ijjumaa hin balleessina» jedhanee Mootii Waan maraatiif waadaa galane. \v 3 Mootiin Waan Maraa qoonqoo Israa'elootaa dhage'ee, worra Kana'aanotaa harka isaaniititti dabarsee kenne; Israa'elootille isaanii fi qachoota isaaniille ijjumaa balleessanee, maqaan addee sanii, «Hormaa\f + \fr 21:3 \fr*\fqa Hormaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa badiisa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhamee moggaasane. \s1 Bofa Sageettuu Irraa Hujame \p \v 4 Israa'elooti lafa Edoomii irra maranee dabariisaaf, gaara Hooriitii ka'anee karaa abbaayaa diintuu geessu deemane; kolbaan ammoo karaa irratti ossa fixattee, \v 5 Waaqaa fi Muusee irratti gunguntee, «Goomolee tana keessatti akka duunuuf, isin biyya Gibxi'ii keessaa maaf nu baattane? Sagaleen hin jirtu! Bisaan hin jiru! Nuuti sagalee womaa hin baane tana jibbineera» jette. \v 6 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dhudhuufaa odduu kolba'aatitti ergee, Israa'elooti hedduun dhudhuufa'aan iddamanee dhumatane. \v 7 Kolbaan gara Muuse'ee dhuttee, «Nuuti Mootii Waan Maraatii fi si'i irralle'etti kaanee dubbannee yakkineerra; dhudhuufaa kana akka nu irraa fageessuuf, gara Mootii Waan Maraa nu'uuf daadimadhu» jette. Maarre Muuseen kolba'aaf daadimate. \v 8 Mootiin Waan Maraalle Muuse'een, «Dhudhuufaa sageettu'uu tolchiitii utuba'atti fannis; nami dhudhuufaan idde gara isaa yoo ilaale hin fayya» jedhe. \v 9 Maarre Muuseen dhudhuufaa sageettu'uu hujee dongora'atti fannise; nami dhudhuufaan idde martinuu, gara dhudhuufaa sageettuu irraa hujame sanii yennaa ilaale fayye. \s1 Ideensa Gara Mo'aabii \p \v 10 Israa'elooti addee sanii ka'anee Obooti qubatane. \v 11 Isaan Obootii ka'anee, lafa Mo'aabotaatiin gara aduun baatu, goomolee keessa Iyye-Abaariim qubatane. \v 12 Achii ka'anee dhooqa Zeredii keessa qubatane. \v 13 Achille'ee ka'anee goomolee haga lafa Amoorotaatitti badhattu keessa laga Aarnoniitiin gama qubatane; lagi Aarnonii Mo'aabotaa fi Amoorota odduu meessaa irra jira. \v 14 Tanaaf Kitaaba lolaa ka Mootii Waan Maraa keessatti, \q1 «Waahebii Sufaa keessaatitti, \q2 dhooqa laga Aarnoniititti, \v 15 goodda gara dhooqa sanii ta haga qachaa Aarii ka meessaa Mo'aabiititti» jedhame. \p \v 16 Isaan achii ka'anee gara Berii, lafa bisaan boollaa addee Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kolbaa wolitti qabi; anille bisaan isaanii hin kenna» jedhee, dhaqane. \v 17 Achiin duuba kolbaan Israa'elii, \q1 «Ee boolla bisaanii, bisaan burqi! \q2 Nuutille faaru'uun nageya si fuuna! \q1 \v 18 Boolla bisaanii \q2 ta bulchitootii fi qondaaltoti kolba'aa \q2 ulee bokku'uutii fi ulee ifiitiin \q2 gad qotane» jedhanee faaruu tana faarsane. \p Achiin duuba goomolee sanii ka'anee gara Maataanaa deemane; \v 19 Maataanaalle'ee ka'anee gara Naahaalii'elii, Naahaalii'elille'ee ka'anee gara Baamotii, \v 20 Baamotille'ee ka'anee gara dhooqa goomolee lafa Mo'aabotaa keessaa, ta qaccee gaara Phiisga'aa irraa gad mudhattuu dhaqane. \s1 Sihoonii Fi Oog Injifatamane \r (Kes. 2:26—3:11) \p \v 21 Achiin duuba Israa'elooti mooticha Amoorotaa Sihoonitti nama erganee, \v 22 «Biyya teeti keessa nu dabarsi. Nuuti biyya teeti keessa haga dabarutti karaa guddaa mootichaa irra ideenna malee, gara fichaa tokkoolle yookiin gara oorruu woynii takkaalle hin gorru; baleessa tokkolle keessaa bisaan hin unnu» jedhane. \v 23 Mootichi Sihoon ammoo kolbaan Israa'elii akka lafa isaa keessa dabartu hin eeyyanne. Inni loltoota ifii wolitti qabatee, Israa'eloota loliisaaf gara goomole'ee dhaqee, Yaahazitti Israa'eloota lole. \v 24 Te'uu malee, Israa'elooti isa ijjeesanee, lafa isaa laga Aarnoniitii haga laga Yaaboqiititti, haga meessaa Amoonotaatitti qabatane; meessaan Amoonotaa guddoo waan eegameeruuf laga Yaaboqii hin dabarre. \v 25 Maarre Israa'elooti qachoota Amoorotaa Heshiboonii fi qachoota adaala isaa mara qabatanee, keessatti qubatane. \v 26 Heshiboon qachaa guddicha mootii Amoorotaa Sihoonii ti; inni dur mooticha Mo'aabii ka durii lolee, lafa isaa haga laga Aarnoniititti irraa fudhateera. \p \v 27 Tanaaf worri weeddisu, \q1 «Gara Heshiboonii kowa'a! \q2 Qachaan kun deebi'ee ijaaramuu ti; \q2 qachaan guddichi Sihoonii adde'etti deebi'uu ti! \q1 \v 28 Ibiddi Heshiboon keessaa ka'ee, \q2 bobeenni qachaa Sihoonii keessaa bobe'ee, \q2 qachaa Aarii ka Mo'aab keessaa luxub godhee, \q2 goottolee koobota Aarnonii gube. \q1 \v 29 Ee Mo'aab, si'iif aanne'e! \q2 Ee kolbaa Kemoshii isin baddane! \q1 Kemoshi\f + \fr 21:29 \fr*\fqa Kemoshi: \fqa*\ft Waaqa Amooroti waaqonfattu.\ft*\f* ilmaan ifii akka baqattu, \q2 ijoollee ifii ta durraa akka booji'antu, \q2 mooticha Amoorotaa Sihoonitti dabarsee kenneera. \q1 \v 30 Nuuti ammoo isaan garagalchine; \q2 Heshiboon haga Diiboniititti badde; \q2 Heshiboonii haga Diiboniititti, haga Nofaatitti, \q2 haga Madabaatitti isaan balleessine» jedhane. \p \v 31 Maarre Israa'elooti lafa Amoorotaa keessatti qubatane. \v 32 Muuseen qachaa Yaazerii akka dooyanu worra dooyu ergeen duuba, Israa'elooti Yaazerii fi qachoota adaala sanii qabatanee Amoorota achi le'anu ari'anee baasane. \p \v 33 Achiin duuba Israa'elooti deebi'anee, karaa Baashaan geessu gula ol bayane; mootichi Baashaanii Oog Edraayitti isaan loliisaaf loltoota ifii duudii woliin duula baye. \v 34 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati isa hin sodaatin; ani isaa fi loltoota isaa, lafa isaalle harka keetitti dabarsee hin kenna. Mootii Amoorotaa Sihoon, ka qachaa Heshiboonii keessa tee'ee bulche akkuma goote, Oogille akkasuma godhi» jedhe. \v 35 Maarre Israa'elooti Oog, ilmaan isaatii fi loltoota isaa duudii nama tokkolle adoo hin hamburin ijjeesanee, lafa isaalle qabatane. \c 22 \s1 Mootiin Mo'aabii Balaaqi Bala'aam Waammate \p \v 1 Achiin duuba Israa'elooti gara dirree Mo'aabii ka'anee deemanee, laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuun, fuullee Yeriko'oo qubatane. \p \v 2 Mootiin Mo'aabii, ilmi Ziphoorii Balaaqi, waan Israa'elooti Amoorota godhane mara dhagge. \v 3 Israa'elooti kolbaa hedduu waan teeteef, Mo'aaboti akka malee sodaatte. Dhugumaan, namooti Mo'aabii Israa'eloota sodaatanee sheephisane. \v 4 Mo'aaboti maanguddoo Miidiyaaniitiin, «Akkuma qotiyyoon marra diida keessaa muxuqqi gootu, gumiin tun waan adaala keenna jiru mara muxuqqi hin gooti» jedhane; tanaaf ilmi Siphoorii Balaaqi, ka yennaa san mootii Mo'aabii te'eeru, \v 5 ilma Be'orii Bala'aam ka qachaa Phetorii qarqara laga Efraaxiisii lafa dhaloota ifii jiru waansisiisaaf nama itti ergee, «Kolbaan takka biyya Gibxi'iitii dhuttee, lafa duudii guutteerti. Isaan dhikoo tiyya qabataneeran. \v 6 Isaan na caalaa hunnaameyyi'i; tanaaf koyiitii isaan naa abaari; akka wotoo ani isaan injifadhee biyya keessaa ari'ee isaan baasuu hin dande'a fa te'a. Nami ati eebbitte eebbifamaa, nami ati arbaartelle abaaramaa akka te'u ani hin beeka» jedhe. \p \v 7 Maarre maanguddooti Mo'aabiitii fi Miidiyaanii beesee kaffaltii moru'uu qabatanee, gara Bala'aamii dhaqanee, ergaa Balaaqii itti himane. \v 8 Bala'aam isaaniin, «Edana as bula'a; anille boru waan Mootiin Waan Maraa natti hime isinitti hin hima» jedheen. Maarre maanguddooti Mo'aabotaa Bala'aam bira bulte. \p \v 9 Waaqi gara Bala'aamii dhufee, «Jarri si woliin jirtu tun eennu fa'a?» jedhee gaafate. \p \v 10 Bala'aam deebisee, Waaqaan, «Mootiin Mo'aabii, ilmi Ziphoorii Balaaqi ergantoota tana gara kiyya ergee, \v 11 ‹Kolbaan takka biyya Gibxi'iitii dhuttee lafa duudii guutteerti; amma koyiitii isaan naaf abaari; achiin duuba ani akka wotoo isaan lolee biyya keessaa ari'ee isaan baasuu hin dande'a fa te'a› anaan jedhe» jedhe. \p \v 12 Waaqi ammoo Bala'aamiin, «Isaan woliin hin dhaqin. Kolbaan sun ta eebbifante waan teeteef, ati isaan hin abaarin» jedhe. \v 13 Bala'aam boruyyaa ganama ka'ee, qondaaltota Balaaqi erge saniin, «Akka ani isin woliin dhaqu, Mootiin Waan Maraa waan na dhooggeef, gara mana keessanii gala'a» jedhe. \v 14 Maarre qondaaltoti worra Mo'aabotaa gara Balaaqii dhaqanee, «Bala'aam nu woliin dhufuu dide» jedhaneen. \p \v 15 Balaaqi ammalle qondaaltota dhibii ka qondaaltota duraa san caalaa heddatanuu fi worra ulfinna qabanu Bala'aamitti erge. \v 16 Isaan gara Bala'aamii dhaqanee, \p «Ilmi Ziphoorii Balaaqi, ‹Gara kiyya dhufiisa irraa wonni tokkolle si hin dhooggin! \v 17 Sababille ani ulfinna guddaa si'iif hin kenna; waan ati jette maralle hin godha. Koyiitii, kolbaa tana naaf abaari› siin jedheera» jedhaneen. \p \v 18 Bala'aam ammoo deebisee isaaniin, «Balaaqi mana ifii ka mootumma'aa ka meeti'ii fi worqi'iin guutame san yoo naaf kennelle, ani ajaja Waaqa kiyya Mootii Waan Maraa irra dabaree waan guddoo yookiin waan diqqoo hujuu hin dande'u. \v 19 Ammalle waan Mootiin Waan Maraa dabalee natti dubbatu akka beekuuf, worri duraa sun akkuma as bulane, isinille edana as bula'a» jedhe. \p \v 20 Halkan san, Waaqi gara Bala'aamii dhufee, «Jarri tun si waamiisaaf yoo dhufaneeranu teete, ka'ii isaan woliin deemi; ammoo waan ani sitti himu qofa huji» jedheen. \v 21 Maarre Bala'aam ganama ka'ee, harree ifii fe'atee, qondaaltota worra Mo'aabii woliin deeme. \p \v 22 Yennaa Bala'aam deeme, Waaqi ammoo guddoo itti aare; ergamaan Mootii Waan Maraa isa mormiisaaf karaa keessa dhaabbate. Yennaa san Bala'aam harree irra tee'eeraayyu; tajaajiltooti isaa lamaan isa woliin jiraniiyyu. \v 23 Harreen sun ergamaan Mootii Waan Maraa shallaagaa buqqifatee, harkatti qabatee, karaa keessa dhaabbatuun yennaa dhaggite, karaa irraa ficha'atti gorte; Bala'aamille kara'atti deebisiisaaf dhowe. \v 24 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa karaa dhiphaa addee oorruu woyni'ii lamaan ka dalleenni dhaka'aa gara lamaaniinuu jiru keessa dhaabbate. \v 25 Harreen sun ergamaa Mootii Waan Maraa yennaa dhaggite, gara dalleya dhaka'aa maxxantee, miila Bala'aamiille dalleya dhaka'aatitti maxxansite. Maarre inni ammalle isii dhowe. \v 26 Ergamaan Mootii Waan Maraa gara duraa deemee, addee dhiphoo, middatti yookiin bita'atti garagaliisaaf karaan hin jirre dhaabbate. \v 27 Harreen sun ergamaa Mootii Waan Maraa yennaa dhaggite, Bala'aam duraa gad ciitte; Bala'aamille guddoo aaree, ulee ifiitiin isii dhowe. \v 28 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa afaan harree sanii banee, harreen sun Bala'aamiin, «Ani maan si goonaan, ati yennaa sad na dhootte?» jette. \p \v 29 Bala'aam harree saniin, «Ati waan naan taphatteef ree! Ani adoo shallaagaa harkaa qabaadhee, ammuma silaa si ijjeesaayyu!» jedhe. \p \v 30 Harreen sun deebittee, Bala'aamiin, «Ani harree teeti ta ati yennaa mara, haga guyyaa adhaatitti irra teettuu motii? Ani akkas sitti te'ee beekaa?» jette. \p Innille, «Waawwo'o» jedheen. \p \v 31 Achiin duuba Mootii Waan Maraa ila Bala'aamii banee, ergamaan Mootii Waan Maraa shallaagaa buqqifate san harkatti qabatee, karaa keessa dhaabbatuun dhagge; Bala'aam fuula ifiitiin lafatti gad gombifame. \v 32 Ergamaan Mootii Waan Maraa, «Ati maaf harree teeti yennaa sad akkana dhootte? Ati karaa dabaa deemiisatti waan jirtuuf, ani si mormiisaaf dhufeera. \p \v 33 «Harreen teeti na dhaggitee, yennaa sad na irraa gorte. Adoo isiin na irraa goruu dhaddee, ani silaa dhugumaan, amma si ijjeesee isii lakkiseeraayyu» jedheen. \p \v 34 Bala'aam, ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Ani cubbuu hujeera; akka ati anaan mormiisaaf, karaa keessa dhaabbatteertu hin beenne. Amma deemiisi kiyya kun yoo si gammachiisin hin deebi'a» jedhe. \p \v 35 Ergamaan Mootii Waan Maraa, Bala'aamiin, «Jara tana woliin deemi; ammoo waan ani sitti himu qofa dubbadhu» jedhe. Maarre Bala'aam qondaaltota Balaaqii woliin deeme. \s1 Balaaqi, Bala'aam Gammadaan Fudhate \p \v 36 Balaaqi akka Bala'aam dhufiisatti jiru yennaa dhage'e, isa fudhatiisaaf gara qachaa Aarii ka Mo'aab keessaa, ka bisaan Aaronii bira irga lafa isaa jiruu dhaqe. \v 37 Balaaqi, Bala'aamiin, «Ani akka ati ariifattee dhuttu gara keeti ergeeraayyuu motii? Ati maaf gara kiyya dhufuu dhadde? Ani ulfinna sii kennuu hin dande'uu?» jedhe. \p \v 38 Bala'aam deebisee, «Kunoo, amma gara keeti dhufeera; ammoo waan Waaqi akka dubbadhu natti hime qofa dubbadha malee, waan tokkolle hin dubbadhu» jedhe. \v 39 Achiin duuba Bala'aam Balaaqi woliin gara qachaa Kiriiyat-Huzotii dhaqe. \v 40 Balaaqi loonii fi hoolota ciincaa dhikeessee, foon isaanii irraa garii Bala'aamii fi qondaaltota isa woliin jiranuuf kenne. \v 41 Balaaqi boruyyaa ganama Bala'aam fuudhee gara Baamot-Ba'aaliititti ol baase; inni achi dhaabbatee kolbaa Israa'elii worra cinaa quttumaa jiranu dhagge. \c 23 \s1 Raaga Bala'aamii Ka Qaraa \p \v 1 Bala'aam, Balaaqiin, «Addee ciinca'aa torba asitti naaf ijaari; korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba naaf qopheessi» jedhe. \v 2 Balaaqi akkuma Bala'aam jedhe godhe; Balaaqii fi Bala'aamille addee ciinca'aa tokko tokko irrattuu korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko ciinca'aaf dhikeessane. \v 3 Achiin duuba Bala'aam, Balaaqiin, «Ani yennaa achi deemu, ati ciincaa keeti ka gubamu bira as turi; akka wotoo Mootiin Waan Maraa natti mudhatiisaaf hin dhufa fa te'a. Waan inni natti mudhisu mara ani sitti hin hima» jedhe. Maarre inni gara kooba godduu takkaa dhaqe. \v 4 Achiin duuba Waaqille Bala'aamitti mudhate; Bala'aamille isaan, «Ani addee ciinca'aa torba qopheessee, tokko tokkooyyuu irratti korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko dhikeesseera» jedhe. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa waan Bala'aam dubbatu afaan keessa keyeefii, «Gara Balaaqii deebi'iitii ergaa tana itti himi» jedheen. \v 6 Maarre inni gara Balaaqii deebi'ee, inni qondaaltota Mo'aabii mara woliin ciincaa ifii ka gubamu bira dhaabbatuun dhagge. \v 7 Achiin duuba Bala'aam raagee, \q2 «Mootiin Mo'aabii Balaaqi \q2 gaarota gara aduun baatuu irraa \q2 biyya Aaramii\f + \fr 23:7 \fr*\fqa Aaram: \fqa*\fqa Amma Sooriyaa jedhanti.\fqa*\f* na fidee, \q1 Balaaqi, ‹Koyiitii, kolbaa Yaaqoobii naa abaari; \q2 koyiitii, kolbaa Israa'elii badin!› jedhe. \q1 \v 8 Ka Waaqi hin abaarin ani attam abaara? \q2 Ka Mootiin Waan maraa hin badinin \q2 ani attam badina? \q1 \v 9 Ani gaara rassa'aa irraa isaan dhagga; \q2 kooba irraa isaan ilaala; \q2 isaan kolbaa qofuu leetu, \q2 ta gosa biyya adda addaalle'etti \q2 ifi hin laakkonne dhagga! \q1 \v 10 Sanyii Yaaqoobii ta akka biyye'ee eentu laakkowa? \q2 Yookiin gamisuma gamisa laakkossa Israa'eliille \q2 eentu laakkowuu dande'a? \q1 Ani du'a balcha'aa du'uu ti; \q2 muummeen tiyyalle \q2 akka muummee isaanii teetuu ti!» jedhe. \p \v 11 Balaaqi, Bala'aamiin, «Wonni ati na irratti hujje kun maan? Ani diinota kiyya akka naa abaartuuf si fide, ati ammoo isaan eebbitte malee, womaa isaan hin goone» jedhe. \p \v 12 Inni deebisee, «Waan Mootiin Waan Maraa akka ani dubbadhuuf natti hime dubbatiisa qabaa motii ree?» jedhe. \s1 Raaga Bala'aamii Ka Lammeesso'oo \p \v 13 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamiin, «Gara addee dhibi'ii ta isaan dhagguu dandeettu woliin dhandhaatii koy; isaan keessaa worra diqqaa qofa malee, mara isaanii hin dhaggitu. Achi dhaabbadhuutii isaan naaf abaari» jedhe. \v 14 Maarre inni mataa gaara Phiisga'aa irra, gara diida Zofiimii isa geesse. Achitti addee ciinca'aa torba ijaaree, tokko tokko irrattuu korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko ciincaa dhikeesse. \p \v 15 Bala'aam, Balaaqiin, «Ani achitti Mootii Waan Maraatiin wol dhaggiisaaf yennaa deemu, ati ciincaa keeti ka gubamu bira as turi» jedhe. \p \v 16 Mootiin Waan Maraa Bala'aamitti mudhatee, ergaa inni dubbatu itti himee, «Gara Balaaqii deebi'iitii ergaa tana itti himi» jedheen. \v 17 Maarre inni deebi'ee, qondaaltota Mo'aabii woliin ciincaa ifii bira dhaabbatuun isa dhagge. Balaaqi, «Mootiin Waan Maraa maan jedhe?» jedhee Bala'aam gaafate. \v 18 Bala'aamille ergaa raagaa, \q1 «Balaaqi, ka'iitii caqasi! \q2 Ee, ilma Ziphoorii na dhage'i! \q1 \v 19 Waaqi ilma namaatii motii, inni hin hollu; \q2 yookiin akka namaa yaada ifii hin jijjiiratu. \q1 Inni waadaa gale hin muummessa; \q2 waan dubbatelle hin guuta. \q1 \v 20 Kunoo, ani eebbisiisaaf ajajameera; \q2 inni eebbiseera; ani eebba isaa jijjiiree hin dande'u. \q1 \v 21 Kolbaa Yaaqoobii keessatti wonni hantuun, \q2 Israa'el keessatti rakkoon hin dhagganne. \q1 Mootiin Waan Maraa, Waaqi isaan woliin jira; \q2 isaan mootii ifii leellisan. \q1 \v 22 Waaqi biyya Gibxi'iitii isaan baase; \q2 inni isaaniif akka gaafa gafarsaa ti. \q1 \v 23 Ilmaan Yaaqoobii irratti xanoon, \q2 Israa'el irrattille moruun hin hujju. \q1 Amma waan Yaaqoobiitii fi Israa'elii, \q2 ‹Waan Waaqi godhe dhagga'a!› hin jedhama. \q1 \v 24 Kolbaan Israa'elii \q2 akka neenqa dhala'aa ol kaati; \q2 isaan akka neenqa waan adansee qabate \q2 haga nyaatutti, dhiigalle haga unutti \q2 ciisa dhabee ol ka'uu ti» jedhe. \p \v 25 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamiin, «Ati isaan eega hin abaarin hin eebbisinille'e!» jedhe. \p \v 26 Bala'aam deebisee Balaaqiin, «Ani waan Mootiin Waan Maraa jedhe qofa akka godhu, sitti himee hin jiruu?» jedhe. \s1 Ergaa Bala'aamii Ta Sadeesso'oo \p \v 27 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamiin, «Amma addee dhibii si geessaa koy; achi dhaabbattee akka ati isaan naaf abaartu Waaqi hin jaalata fa te'a» jedhe. \v 28 Maarre Balaaqi, Bala'aam gara qaccee gaara Phe'orii ka irra dhaabbatanee lafa goomole'ee dhagganu geesse. \v 29 Bala'aam, Balaaqiin, «Asitti addee ciinca'aa torba naaf ijaariitii, korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba naaf qopheessi» jedhe. \p \v 30 Maarre Balaaqi akkuma Bala'aam jedhe godhe; addee ciinca'aa tokko tokko irrattuu korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko ciincaa dhikeesse. \c 24 \p \v 1 Bala'aam Israa'eloota eebbisuun Mootii Waan Maraa akka gammachiitte yennaa dhagge, inni fuula ifii gara goomole'ee deebifate malee, akka yennaa dhibi'ii waan ittiin moru barbaadatiisa hin dhandhe. \v 2 Bala'aam ol ilaalee, worri Israa'elii gosa gosaan qubataneeranuun yennaa dhagge, Ayyaanni Waaqaa isa irratti bu'ee, \v 3 ergaa dubbattee, \p «Ergaan Bala'aamii ilma Be'orii, \q2 ergaan nama ilti isaa banantee, \q2 \v 4 ergaan nama jecha Waaqaa dhage'uu, \q2 ka mudhii ka waan mara dande'uu dhagguu, \q2 ka isa duratti gad jigeeruun, \q2 ilti isaa banantee kana: \p \v 5 «Ee Yaaqoob, dunkaanoti teeti, \q2 ee Israa'el quttumi keeti, \q2 attam attam dansa'a! \p \v 6 «Isaan akka meexxii banqaaxxuu, \q2 akka oorruu bisaan biraa ti; \q2 isaan akka hargiisa \q2 Mootiin Waan Maraa dhaabee ti; \q2 isaan akka hindheensa bisaan biraa ti. \p \v 7 «Sakkeelloo isaanii keessaa \q2 bisaan hin yaa'a; \q2 sanyiin midhaan isaanii \q2 bisaan guddaa hin dhaggatti. \p «Mootiin isaanii mootii Agaagii hin caala; \q2 mootummaan isaaniille hin leellifanti. \p \v 8 «Waaqi biyya Gibxi'iitii isaan baase, \q2 inni isaaniif akka gaafa gafarsaa ti. \q1 Inni gosa biyya adda addaa \q2 diinota isaanii hin kukkuta; \q2 lafee isaaniille hin butucha; \q2 daaya ifiitiin woraanee isaan fullaasa. \p \v 9 «Isaan irkatanee, \q2 akka neenqa dhala'aatii \q2 fi neenqa kormaa gad ciisane; \q2 isaan kaasiisaaf ka itti guulu eennu? \b \q1 «Worri si eebbisu eebbifamuu ti! \q2 Worri si abaaru abaaramuu ti!» jedhe. \p \v 10 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamitti aaree bobe'ee, harka dhowee, «Ani akka ati diinota kiyya abaartuuf si waame; ati ammoo kunoo yennaa sad isaan eebbitte. \v 11 Amma ariifadhuu gara mana keetii deemi! Ani silaa, ‹Gatii dansaa si'iif hin kaffala› jedheeraayyu. Mootiin Waan Maraa ammoo gatii dhaggatiisa si dhoogge» jedhe. \p \v 12 Bala'aamille deebisee, Balaaqiin, «Ani ergantoota teeti ta ati natti ergitetti himee, \v 13 ‹Balaaqi mana ifii ka mootumma'aa ka meeti'ii fi worqi'iin guutame san yoo naaf kennelle, waan Mootiin Waan Maraa natti dubbate qofa dubbadha male, jecha isaa irra dabaree, fedha kiyyaan waan dansaa yookiin waan badduu godhiisaaf hin dande'u› hin jenneeyyuu? \v 14 Maarre amma ani gara kolbaa tiyyaa deebi'ee deemaara; gara duraa ammoo waan kolbaan Israa'elii tun kolbaa teeti irratti godhu'uuf jirtu koy sitti hima» jedhe. \s1 Ergaa Bala'aamii Ta arfeesso'oo \p \v 15 Achiin duuba ergaa dubbatee, \q1 «Ergaan Bala'aamii ilma Be'orii, \q2 ergaan nama ilti isaa banantee, \q1 \v 16 Ergaan nama jecha Waaqaa dhage'uu, \q2 ka beekkumsa Ol Aana'aa qabuu, \q2 ka mudhii ka waan mara dande'uu dhagguu, \q2 ka isa duratti gad jigeeruun, \q2 ilti isaa banantee kana: \p \v 17 «Ani isa dhagga, ammoo ammaa moti; \q2 ani isa ilaala, ammoo dhiko'ottii moti. \q1 Bakalchi Yaaqoob keessaa hin baya; \q2 Israa'el keessaa \q2 uleen bokkuu mootumma'aa hin ka'a. \q1 Sooreyyii worra Mo'aabii hin butucha; \q2 buqqii mataa ilmaan Sheetii mara hin caccassa. \q1 \v 18 Edoom hin qabatanti; \q2 Se'iir ta diina isaa teetelle ta isaa hin teeti; \q2 Israa'el ammoo jabaataatuma hin ideenti. \q1 \v 19 Sanyii Yaaqoobii keessaa \q2 bulchaan tokko hin dhufa; \q2 worra qachaa guddicha keessatti hafelle \q2 hin balleessa» jedhe. \p \v 20 Achiin duuba Bala'aam \q2 gara worra Amaaleqii ilaalee, \q2 ergaa ifii dubbatee, \q1 «Gosa biyya adda addaa oddu'utti \q2 worri Amaaleqii ka qaraa te'ee ture, \q2 muummeen isaanii ammoo \q2 badii bara baraa ti» jedhe. \p \v 21 Achiin duuba inni gara worra Qenootaa ilaalee, \q2 ergaa ifii dubbatee, \q1 «Addeen quttuma teessanii addachiittu'u; \q2 mandheen teessan \q2 rassaa keessatti ijaaranteerti. \q1 \v 22 Ammoo yennaa worri Asoorii isin booji'e, \q2 isin worri Qenootaa hin baddan» jedhe. \p \v 23 Ammalle inni ergaa ifii dubbatee, \q1 «Aanne'e, yennaa Waaqi tana godhu \q2 eentu jiraata ree?\f + \fr 24:23 \fr*\fqa Yennaa Waaqi tana godhu eentu jiraata ree: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin, «Kolbaan gara kaabaatitti wolitti qabante tun tam?» hiikkaa jettulle hin qaba.\fqa*\f* \q2 \v 24 Qarqara Kitiimiitii ammoo \q2 hobolooti gugurdoon hin dhufan; \q2 isaan Asoorii fi Ebeer hin qabatan; \q2 isaanille ifiifuu \q2 haga bara baraa hin badan» jedhe. \p \v 25 Achiin duuba Bala'aam ka'ee gara mana ifii deebi'e; Balaaqille karaa ifii deeme. \c 25 \s1 Worri Mo'aabii Israa'eloota Dokonkorse \p \v 1 Israa'elooti Shiixiimitti yennaa qubataneeranu, dhiirti isaanii dubartoota Mo'aabotaa woliin sagaagalane. \v 2 Dubartooti sun worra dhiiraa san gara ciincaa waaqota ifiititti waamane; isaanille ciincaa san nyaatanee, waaqota isaaniitiif sagadane. \v 3 Tanaaf Israa'elooti Ba'aal Phe'or waaqonfatiisa jalqaddee, Mootiin Waan Maraa guddoo isaanitti aare. \v 4 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Aariin tiyya guddoon Israa'eloota irraa akka deebitu, ati sooreyyii kolbaa tanaa mara fuudhiitii, ila guyya'aatiin fuula kiyya duratti fannisi» jedhe. \v 5 Maarre Muuseen abbootii mura'aa ta Israa'elootaatiin, «Tokko tokkoon keessan nama keessan ka Ba'aal Phe'or waaqonfatiisa jalqabe ijjeesa'a» jedhe. \p \v 6 Achiin duuba Muuse'ee fi wolde'i kolbaa Israa'elii duudiin Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhaabbatanee adoo isaan bowanuu, Israa'eloota keessaa tokkochi iluma isaanii duratti, dubartii worra miidiyaanii takka fudhatee gara maatii ifii dhufe. \v 7 Akaakoon Aaronii hayyichaa, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas yennaa tana dhagge, ka'ee wolde'a keessaa bayee, eboo fudhatee, \v 8 namicha Israa'elicha gula gara dunkaani'ii seenee, eboo darbatee, namichaa fi dubartittiille woraanee isaan lamaanuu wolitti fullaase. Achiin duuba balaan kolbaa Israa'elii irraa dhaabbate. \v 9 Te'uu malee, balaa saniin namoota kuma diddamii afuritti du'e. \p \v 10 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 11 «Kolbaa Israa'elii keessaa akaakoon Aaronii hayyichaa, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas marroo tiyyaaf waan hinaafeef, ani hinaaffaa tiyyaan akka isaan hin fixanneef, mufii tiyya isaan irraa deebiseera. \v 12 Tanaaf, akka ani Gondooroo tiyya ta nageyaa isa woliin gondooradhu, Fiinehaasitti himi. \v 13 Inni ana Waaqa ifiitiif waan hinaafeef, kolbaa Israa'eliitiifille gumaa cubbu'uu waan kenneef, Gondooroon hayyummaa bara baraa isaaf, isaan duuballe sanyii isaatiif hin teeti» jedhe. \p \v 14 Maqaan namicha Israa'elicha ka dubartittii worra Miidiyaanii woliin ijjeefamee Ziimiirii ilma Saaluwa'aa ti; inni sooressa fira Shimi'oonii ti. \v 15 Maqaan dubartittii worra Miidiyaanii ta ijjeefantee Kozbi; isiin intala Zuurii, ka gosa Miidiyaan keessatti sooressa fira tokkoo ti. \p \v 16 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 17 «Worra Miidiyaanii kana akka diinaatitti laakkowa'aatii fixa'a; \v 18 wonni tana gootanuuf, isaan Phe'oritti, obboleettii isaanii, ta guyyaa balaan Phe'oritti bu'e ijjeefante, intala sooressa isaanii hujii Kozbiitiin sobanee isin miidhaneeran» jedhe. \c 26 \s1 Laakkossa Kolba'aa Ka Lammeesso'oo \p \v 1 Bala'aan duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Ele'azaarii ilma Aaronii hayyichaatiin, \v 2 «Wolde'a kolbaa Israa'elii duudii keessaa namoota woggaa diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loluu dande'anu mara, akka maatii maatii isaaniititti laakkowa'a» jedhe. \v 3 Maarre Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi fuullee Yeriko'ootitti cinaa laga Yordaanosii dirree Mo'aabii keessatti, kolba'atti dubbatanee, \v 4 «Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, dhiira woggaa diddamaatii fi diddamaa olii laakkowama'a» jedhane. \p Worri Israa'elootaa ka biyya Gibxi'iitii bayane ka asii gad jiranu: \v 5 Sanyii Ruubenii ilma angaficha Israa'elii keessaa: Henok, abbaa fira Henookotaa; Faluun, abbaa fira Faluuwotaa; \v 6 Hezron, abbaa fira Hezronotaa; Karmi, abbaa fira Karmii'otaa; \v 7 laakkossi dhiira firoota Ruubenii kuma afurtamii sadii fi dhibba torbaa fi soddoma. \v 8 Ilmi Faluu Eliiyaab; \v 9 ilmaan Eliiyaabii: Nemu'el, Daataanii fi Abiiram; Daataanii fi Abiiramiin kun qondaaltota kolba'aa worra Muuse'ee fi Aaroniin mormane. Akkasuma yennaa Qoraahii fi goliin isaa Mootii Waan Maraa irratti finqila kaasane isaan woliin jiraniiyyu. \v 10 Latti banantee Qoraahi woliin isaan liqinsite; goliin Qoraahii yennaa ibiddi bu'ee namoota dhibba lamaa fi shantama fixe san dhumatane. Isaan beessisa ifi eeggachiisaa te'ane. \v 11 Te'uu malee ilmaan Qoraahii hin duune. \p \v 12 Sanyiin Simi'oonii akka fira fira isaaniititti: Nemu'el, abbaa fira Nemu'elootaa ti; Yaamiin, abbaa fira Yaamiinotaa ti; Yaakiin, abbaa fira Yaakiinotaa ti; \v 13 Zaara, abbaa fira Zerootaa ti; Shaawul, abbaa fira Shaawulootaa ti; \v 14 firri Simi'oonotaa kun laakkowamanee, dhiirti kuma diddamii lamaa fi dhibba lama teete. \p \v 15 Sanyiin Gaadii akka fira fira isaaniititti: Zefoon, abbaa fira Zefoonotaa ti; Haag, abbaa fira Haagotaa ti; Shun, abbaa fira Shunootaa ti; \v 16 Ozni, abbaa fira Oznootaa ti; Eri, abbaa fira Erootaa ti; \v 17 Aarod, abbaa fira Aarodootaa ti; Arii'el, abbaa fira Arii'elootaa ti; \v 18 firri Gaadotaa kun laakkowamanee, dhiirti kuma afurtamaa fi dhibba shan teete. \p \v 19 Ilmaan Yihuda'aa Erii fi Onaan; isaan ammoo lafa Kana'aanii keessatti du'ane. \v 20 Sanyiin Yihuda'aa akka fira fira isaaniititti: Shela, abbaa fira Shelootaa ti; Faares, abbaa fira Faaresootaa ti; Zaara, abbaa fira Zaarotaa ti; \v 21 Sanyiin Faaresii: Hezron, abbaa fira Hezronotaa ti; Hamul, abbaa fira Humulootaa ti; \v 22 firri sanyii Yihuda'aa kun laakkowamanee, dhiirti kuma torbaatamii jaa fi dhibba shan teete. \p \v 23 Sanyiin Yisaakorii akka fira fira isaaniititti: Tola, abbaa fira Tolootaa ti; Fuwa, abbaa fira Fuwootaa ti; \v 24 Yaashub, abbaa fira Yaashubootaa ti; Shimroon, abbaa fira Shimroonotaa ti; \v 25 firri sanyii Yisaakorii kun laakkowamanee, dhiirti kuma jaatamii afurii fi dhibba sad teete. \p \v 26 Sanyiin Zebuloonii akka fira fira isaaniititti: Sered, abbaa fira Seredootaa ti; Eloon, abbaa fira Eloonotaa ti; Yaahile'el, abbaa fira Yaahile'elootaa ti; \v 27 firri sanyii Zebuloonii kun laakkowamanee, dhiirti kuma jaatamaa fi dhibba shan teete. \p \v 28 Sanyiin Yoseefii akka fira fira isaaniititti: Minaase'ee fi Efreem. \v 29 Sanyiin Minaase'ee: Maakiir, abbaa fira Maakiirotaa ti; Maakiir abbaa Giil'aadii ti. Giil'aad, abbaa fira Giil'aadotaa ti. \v 30 Sanyiin Giil'aadii: Yi'ezer, abbaa fira Yi'ezerootaa ti; Helek, abbaa fira Helekootaa ti; \v 31 Asrii'el, abbaa fira Asrii'elootaa ti; Sheekem, abbaa fira Sheekemootaa ti; \v 32 Shemiida, abbaa fira Shemiidotaa ti; Hefer, abbaa fira Heferootaa ti; \v 33 Zelofehaad ilmi Heferii ijoollee durraa malee, ilmaan dhiiraa hin qabuuyyu; maqaan ijoollee durraa Zelofehaad, Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilka'aa fi Tiirza'a. \v 34 Firri sanyii Minaase'ee kun laakkowamanee, dhiirti kuma shantamii lamaa fi dhibba torba teete. \p \v 35 Sanyiin Efreemii akka fira fira isaaniititti: Shutela, abbaa fira Shutelootaa ti; Beker, abbaa fira Bekerootaa ti; Tahaan, abbaa fira Tahaanotaa ti; \v 36 Sanyiin Shutelaa: Eraan, abbaa fira Eraanotaa ti; \v 37 firri sanyii Efreemii kun laakkowamanee, dhiirti kuma soddomii lamaa fi dhibba shan teete. \p Isaan kun akka fira fira isaaniititti sanyii Yoseefii ti. \p \v 38 Sanyiin Beniyaaminii akka fira fira isaaniititti: Belaa'i, abbaa fira Belaa'otaa ti; Ashibel, abbaa fira Ashibelootaa ti; Ashiiraam, abbaa fira Ashiiraamotaa ti; \v 39 Shefufaam, abbaa fira Shefufaamotaa ti; Hufaam, abbaa fira Hufaamotaa ti; \v 40 Sanyiin Belaa'i Aardii fi Na'amaan; Aardi, abbaa fira Aardotaa ti; Na'amaan, abbaa fira Na'aamaanotaa ti. \v 41 Firri sanyii Beniyaaminii akka fira fira isaaniititti laakkowamanee, dhiirti kuma afurtamii shanii fi dhibba jaa teete. \p \v 42 Sanyiin Daanii akka fira fira isaaniititti: Shuhaam, abbaa fira Shuhaamotaa ti; firri sanyii Daanii isaan kana. \v 43 Isaan marti sanyii Shuhaamotaa ti; laakkossi isaanii, dhiirti kuma jaatamii afurii fi dhibba afuri. \p \v 44 Sanyiin Asheerii akka fira fira isaaniititti: Yiimnaa, abbaa fira Yiimnotaa ti; Yiishiwi abbaa fira Yiishiwootaa ti; Berii'a, abbaa fira Beriyootaa ti; \v 45 sanyiin Berii'aa: Heber, abbaa fira Heberootaa ti; Malkii'el, abbaa fira Malkii'elootaa ti; \v 46 Asheer intala, «Seraa» jedhantu qabaayyu. \v 47 Firri sanyiin Asheerii kun laakkowamanee, dhiirti kuma shantamii sadii fi dhibba afur teete. \p \v 48 Sanyiin Naftaalemii akka fira fira isaaniititti: Yaahize'el, abbaa fira Yaahize'elootaa ti; Guni, abbaa fira Gunotaa ti; \v 49 Yezer, abbaa fira Yezerootaa ti; Shiilem, abbaa fira Shiilemootaa ti. \v 50 Isaan kun sanyii fira Naftaalemii ti; laakkossi isaanii, dhiirti kuma afurtamii shanii fi dhibba afuri. \v 51 Dhiirti kolbaa Israa'elii laakkowantee wolumatti kuma dhibba jaa fi kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi soddoma teete. \v 52 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 53 «Akka laakkossa maqaa isaaniititti latti isaaniif qoodantuu ti. \v 54 Fira gudda'aaf lafa guddoo, fira diqqa'aaf lafa diqqoo kenniif; firri tokko tokkooyyuu akkuma laakkossa ifiititti lafa fudhatuu ti. \v 55 Latti hixaa buufatiisaan qoodantuu ti; isaan akkuma maqaa gosa abbootii isaanii ta duriititti fudhatanuu ti. \v 56 Qoodi lafaa sun fira gugurda'aa fi fira didiqqaa oddu'utti hixaa buufatiisaan te'uu ti» jedhe. \p \v 57 Laakkossi Lewwootaa akka fira fira isaaniititti: Gershoon, abbaa fira Gershoonotaa ti; Qehaati, abbaa fira Qehaatotaa ti; Meraari, abbaa fira Meraarotaa ti; \v 58 worri asii gad jirulle firuma Lewwootaa ti: fira Liibnaa'otaa, fira Heronootaa, fira Maahilootaa, fira Mushootaa, fira Qoraahotaa ti; Qehaati abbaa Amraamii ti; \v 59 maqaan niitii Amraamii Yokebeed; isiin intala sanyii Lewwi'ii ta biyya Gibxi'iititti dhalatte; isiin Aaron, Muuse'ee fi obboleettii isaanii Miiriyaam Amraamiif deette. \v 60 Aaron ilmaan afur Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar uumate. \v 61 Naadaabii fi Abiihuun ammoo ibidda hin ajajaminiin Mootii Waan Maraa duratti ciincaa yennaa dhikeessane du'ane. \v 62 Dhiirti Lewwootaa ka dhalatanee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii kuma diddamii sad; odduu Israa'eloota kaaniititti latti waan isaaniif hin kennaminiif, isaan Israa'eloota kaan woliin hin laakkowanne. \p \v 63 Isaan kun Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi fuullee Yeriko'oo cinaa laga Yordaanosiititti dirree Mo'aabii keessatti yennaa Israa'eloota laakkowane worra laakkowame. \v 64 Muuse'ee fi Aaroniin hayyichi lafa goomolee Siina'aa keessatti Israa'eloota yennaa laakkowane isaan kana keessaa nami tokkolle Israa'eloota laakkowamane san keessa hin jiru. \v 65 Mootiin Waan Maraa Israa'elooti sun goomolee keessatti akka dhumatanu waan itti himeeruuf, isaan keessaa Kaalebii ilma Yofuneetii fi Iyaasuu ilma nunii malee, nami tokkolle hin hanne. \c 27 \s1 Ijoollee Durraa Ta Zelofehaadii \p \v 1 Ijoolleen durraa ta Zelofehaadii: Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilka'aa fi Tiirza'a. Zelofehaad ka Heferii, Hefer ka Giil'aadii, Giil'aad ka Maakiirii, Maakiir ka Minaase'ee, Minaaseen ka Yoseefii ti. \v 2 Ijoolleen durraa sun gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dhaxxee fuula Muuse'ee, fuula Ele'azaarii hayyichaa, fuula sooreyyi'iitii fi fuula wolde'a duudi'ii dura dhaabbattee, \v 3 «Abbaan keenna goomolee keessatti du'e. Inni worra Mootii Waan Maraa mormiisaaf wolitti qabame, golii Qoraahii keessa hin jiru; inni ilmaan adoo hin uumatin cubbuma ifiitiin du'e. \v 4 Ilma waan hin uumatiniif, maqaan abbaa keennaa fira isaa keessaa maaf bada ree? Fira abbaa keennaa oddu'utti lafa nuu kenna'a» jette. \p \v 5 Maarre Muuseen haajaa isaanii Mootii Waan Maraatitti dhikeesse; \v 6 Mootiin Waan Maraalle, isaan, \v 7 «Wonni ijoolleen durraa ta Zelofehaadii gaafatte sirri'i; odduu fira abbaa isaaniititti lafa isaaniif kenni; dhaalli abbaa isaanii gara isaanii akka dabaru godhi. \v 8 Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko ilma adoo hin uumatin yoo du'e, ijoolleen durraa ta isaa karra isaa akka dhaaltu godha'a. \v 9 Inni yoo ijoollee durraalle hin qabaatin, karra isaa obboleeyyan isaatiif kenna'a. \v 10 Inni yoo obboleeyyan hin qabaatin, obboleeyyan abbaa isaatiif kenna'a. \v 11 Abbaan isaa yoo obboleeyyan hin qabaatin, karra isaa fira aantii isaatiif kenna'a; inni dhaaluu ti; akkuma ani Mootiin Waan Maraa si ajaje, kun kolbaa Israa'eliif qajeelfama seeraa te'uu ti› jedhi» jedhe. \s1 Iyaasuun Addee Muuse'eetitti Filame \p \v 12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gaara Abaariimii kana irratti ol bayiitii, lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kenne ilaali. \v 13 Ati isii dhaggiteen duuba, akkuma obboleessi keeti Aaron du'e, atille hin duuta; \v 14 sababille yennaa kolbaan bisaan goomolee Ziinii keessaa biratti na finqilte, isin lamaanuu ila isaanii duratti ana woyyoonsuu diddanee ajaja kiyyaaf ajajamuu diddaneertan. Bisaan kun Bisaan Mariiba'aa ka Qaadesh keessaa ka goomolee Ziinii keessaa ti» jedhe. \p \v 15 Muuseen Mootii Waan Maraatiin, \v 16 «Ee Mootiin Waan Maraa, Waaqa jiruu nama maraa, kolbaa tana irratti nama tokko fili! \v 17 Innille kolbaan teeti akka hoolee tissee hin qannee akka hin teene, isaaniin dura ka deemu, ka isaaniin dura gad bayuu fi ka isaaniin dura ol seenu, ka gad isaan baasuu fi ka ol isaan galchu» jedhe. \p \v 18 Maarre Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Iyaasuu ilma Nunii, nama Ayyaanni keessa jiru fuudhiitii, harka keeti isa irra keyi; \v 19 Ele'azaarii hayyichaa fi wolde'a duudii dura dhaabbachiisiitii, hujii inni itti gaafatamu kana isaan duratti itti kenni. \v 20 Wolde'i Israa'elii duudiin akka isaaf ajajamu, baallii teeti irraa garii isaaf kenni. \v 21 Inni fuula Ele'azaarii hayyichaa, ka karaa Uriimiitiin\f + \fr 27:21 \fr*\fqa Uriim: \fqa*\ft Waan bara san hayyooti fedhii Waaqaa ittiin beekanu.\ft*\f* fedhii tiyya beeku dura dhaabbatuu ti; akkuma ajaja hayyichaatitti, Iyaasu'uu fi wolde'i Israa'elii duudiin bayanee galanuu ti» jedhe. \v 22 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe. Inni Iyaasuu fuudhee fuula Ele'azaarii hayyichaatii fi fuula wolde'a Israa'elii duudii dura dhaabbachiise. \v 23 Achiin duuba harka ifii isa irra keyee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje hujii inni itti gaafatamu itti kenne. \c 28 \s1 Kennansa Guyyuma Guyya'aan Dhikaatu \r (Bay. 29:38-46) \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Ati Israa'eloota ajajiitii: Kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee naaf dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka na gammachiisu, yennaa isaatitti akka naaf dhikeessanu itti himi. \p \v 3 «Kennansi ibiddaan gubamee guyyuma guyya'aan isin naaf dhikeessitanu kana: buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta fafa hin qanne, ta woggaa tokko tokkoo lama kennansa gubamu, \v 4 buruusoo korbeeyyii hoole'ee tokkocha ganama, kaan galgala, \v 5 tokko tokkoo isaanii woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa gara kiiloogiraama tokkoo, ta zayitii ejersaa litirii tokkoon sukkuumame dhikeessa'a. \v 6 Kun kennansa guyyuma guyya'aan gubamu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu, seera kennansa ibiddaan gubamee naaf dhikaatu ka gaara Siina'aa irratti jalqabame. \v 7 Buruusa korbeessa hoole'ee ka qaraa woliin daadhii woyni'ii ta macheessitu litirii tokko dhikeessa'a. Daadhii woyni'ii san addee Woyyittii irratti ana Mootii Waan Maraatiif dhibaasa'a. \v 8 Buruusa korbeessa hoole'ee ka lammeesso'oolle akkuma ka ganamaa dhikeessitane san kennansa daadhii woyni'iitii fi kennansa midhaanii woliin galgala dhikeessa'a. Kun kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu. \s1 Kennansa Sanbataa \p \v 9 «Guyyaa Sanbataa buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo ta fafa hin qanne lama, daadhii woyni'iitii fi kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama lama ta zayitii ejersaatiin sukkuumante woliin dhikeessa'a. \v 10 Kun kennansa Sanbata mara gubamu, ka kennansa daadhii woyni'iitii fi kennansa guyyuma guyya'aan gubamu irratti dabalamee dhikaatu. \s1 Kennansa Ji'uma Ji'aan Dhikaatu. \p \v 11 «Ji'uma ji'aan guyyaa qaraa kennansa gubamu dardaroota fafa hin qanne lama, korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokkoo fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo ta fafa hin qanne torba ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. \v 12 Akkasuma dardara tokko tokkooyyuu woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee tokko woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama lama ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, \v 13 buruusoo korbeeyyii hoole'ee tokko tokkooyyuu woliin, kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama tokko ta zayitii ejersaatiin sukkuumante dhikeessa'a; kun kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu. \v 14 Dardaroota tokko tokkooyyuu woliin kennansa daadhii woyni'ii litirii lama, korbeessa hoole'ee tokko woliin daadhii woyni'ii litirii tokkoo fi wodhakkaa, buruusoo korbeeyyii hoole'ee woliin daadhii woyni'ii litirii tokko dhikeessa'a; kun baatii ji'uma ji'aatitti, kennansa gubamu ka woggaa guutuu dhikaatu. \v 15 Kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aan daadhii woyni'ii woliin dhikaatu woliin araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. \s1 Kennansa Guyyaa Jila Irra Dabaramaa Dhikaatu \p \v 16 «Jilti Irra Dabaramaa ta ana Mootii Waan Maraa, ji'a qaraa guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti teetuu ti. \v 17 Ji'a kana guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti jila jilifadha'a; guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a. \v 18 Guyyaa qaraa yaa'ii woyyittii godhadha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a. \v 19 Dardara lama ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ana Mootii Waan Maraatiif qopheessa'a. \v 20 Dardaroota tokko tokkooyyuu woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee tokko woliin bullaa dansaa kiiloogiraama lama dhikeessa'a; \v 21 buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba tokko tokkooyyuu wolille'een bullaa dansaa kiiloogiraama tokko ta zayitii ejersaatiin sukkuumante dhikeessa'a. \v 22 Itti dabala'aatii kennansa araaraa cubbuu teessaniitiif, korbeessa re'e'ee tokko gumaa dhikeessa'a. \v 23 Isaan kana kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aan ganama ganama dhikaatu irratti dabala'aatii dhikeessa'a. \v 24 Akka kanaan, kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu, guyyaa torbaaf guyyuma guyya'aan dhikeessa'a. Kun kennansa daadhii woyni'iitii fi kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aan dhikaatu irratti dabalamee dhikaata. \v 25 Guyyaa torbeesso'oo yaa'ii woyyittii godha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a. \s1 Kennansa Midhaan Matoomaa \p \v 26 «Guyyaa midhaan matoomaa galfatanu, kennansa midhaan haareyaa ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessitanu, jila teessan ta torbaan torbaatitti, yaa'ii woyyittii godha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a. \v 27 Dardara lama, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a. \v 28 Dardaroota tokko tokkooyyuu woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee woliin bullaa dansaa kiiloogiraama lama, \v 29 buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa kiiloogiraama tokko ta zayitii ejersaatiin sukkuumante dhikeessa'a. \v 30 Itti dabala'aatii gumaa cubbuu teessaniitiif, korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a. \v 31 Kun kennansa daadhii woyni'ii woliin kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aan dhikaatuu fi kennansa midhaanii ka isaanii irratti dabalamee dhikaatuu ti. Horiin dhikeeffame kun ka fafa hin qanne akka te'e hubadha'a. \c 29 \s1 Kennansa Jila Woggaa Haareya Irratti Dhikaatu \p \v 1 «Ji'a torbeesso'oo guyyaa qaraa yaa'ii woyyittii godhadha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a. Guyyaan sun guyyaa isin tultullaa afuuttanu. \v 2 Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a. \v 3 Dardara san woliin kennansa midhaanii bullaan dansaan kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee san woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama, \v 4 buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba san tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko qopheessa'a. \v 5 Itti dabala'aatii kennansa araaraa cubbuu teessaniitiif, korbeessa re'e'ee tokko gumaa qopheessa'a. \v 6 Kun kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaan woliin dhikaatu woliin akkuma seera tumameetitti kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aa fi ji'uma ji'aan dhikaatutti dabalamanee, kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu. \s1 Kennansa Guyyaa Gumaan Cubbu'uu Dhikaatuu \r (Lew. 23:26-32) \p \v 7 «Ji'a torbeesso'oo kana keessa guyyaa kudhaneesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a. Guyyaa san ifi gad qaba'a; ijjumaa hujiille hin hujina'a. \v 8 Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a. \v 9 Dardara san woliin kennansa midhaanii, bullaan dansaan kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama, \v 10 buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitiin ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko dhikeessa'a. \v 11 Gumaa kennansa araaraa cubbu'uutiif kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaanii ka isaatii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaaniititti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a. \s1 Kennansa Guyyaa Jila Gose'ee Dhikaatu \r (Lew. 23:33-44) \p \v 12 «Ji'a torbeesso'oo keessa guyyaa kudhanii shaneesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a malee guyyaa san ijjumaa hujii hin hujina'a; jila guyyaa torbaa ana Mootii Waan Maraatiif jilifadha'a. \v 13 Dardaroota kudhanii sad ka fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a. \v 14 Dardaroota kudhanii sad tokko tokkooyyuu woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeeyyii hoole'ee lama tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama, \v 15 buruusoo korbeeyyii hoole'ee kudhanii afur tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko tokko dhikeessa'a. \v 16 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a. \p \v 17 «Guyyaa lammeesso'oo dardaroota kudhanii lama ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. \v 18 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. \v 19 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaanii ka isaatii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a. \p \v 20 «Guyyaa sadeesso'oo dardaroota kudhanii tokko ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. \v 21 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. \v 22 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a. \v 23 Guyyaa arfeesso'oo dardaroota kudhan ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. \v 24 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. \v 25 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a. \p \v 26 «Guyyaa shaneesso'oo dardaroota sagal ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. \v 27 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. \v 28 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a. \p \v 29 «Guyyaa jayeesso'oo dardaroota saddeeti ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. \v 30 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. \v 31 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a. \p \v 32 «Guyyaa torbeesso'oo dardaroota torba ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. \v 33 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. \v 34 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a. \p \v 35 «Guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a. \v 36 Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a. \v 37 Dardara san, korbeessa hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. \v 38 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a. \p \v 39 «Isin jila teessan ta beekkante irratti, waan waadaa galtanee fi kennansa fedhii teessaniin dhikeessitanu irratti dabaltanee kennansa keessan ka gubamu, kennansa keessan ka midhaanii, kennansa keessan ka daadhii woyni'iitii fi kennansa keessan ka tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif qopheessa'a» jedhe. \p \v 40 Muuseen waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje mara Israa'elootatti hime. \c 30 \s1 Qajeelfama Marroo Waada'aa \p \v 1 Muuseen sooreyyii gosa Israa'eliitiin, «Wonni Mootiin Waan Maraa ajaje ka asii gad jiru: \v 2 Kunille, ‹Nami tokko waan tokko ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa yoo gale yookiin waan tokko akka hin gooneef yoo kakate, waan jedhe san mara godhuu qaba malee, jecha ifii san diiguu hin qabu. \p \v 3 « ‹Intalti durraa adoo mana abbaa ifii jirtuu waan tokko ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa yoo galte yookiin waan tokko godhiisaaf yoo kakatte, \v 4 abbaan isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo cadhise, waan waadaa galte san yookiin kakatte san muummessuu qaddi. \v 5 Abbaan isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee, waadaa ifii akka isiin hin muummessine yoo isii morme ammoo, waadaa san muummessiisaaf dirqama hin qaddu; akka isiin waadaa ifii hin muummessine, abbaan isi'ii waan isii dhooggeef, ani Mootiin Waan Maraa isi'iif hin araarama. \p \v 6 « ‹Dubartiin hin heerumin takka waadaa yoo galte yookiin yaada-malee waan tokko akka hin gooneef kakatteen duuba yoo heerumte, \v 7 dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo cadhise, waan waadaa galte san yookiin waan kakatte san muummessuu qaddi. \v 8 Dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo isii morme ammoo, muummessiisaaf dirqama hin qaddu; waadaa isi'ii akka hin muummessine ka dhoogge dhirsa isi'ii waan te'eef, ani Mootiin Waan Maraa isi'iif hin araarama. \p \v 9 « ‹Haati hiyyeessaa takka yookiin dubartiin dhirsi lakkiseeru takka waan waadaa galte yookiin waan kakatte san muummessuu qaddi. \p \v 10 « ‹Dubartiin heerumteertu takka yoo waadaa galte yookiin waan tokko godhiisaaf yoo kakatte, \v 11 dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo cadhise, waan waadaa galte san yookiin waan kakatte san muummessuu qaddi. \v 12 Dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee guyyuma san yoo isii morme ammoo, muummessiisaaf dirqama hin qaddu; waadaa isi'ii akka hin muummessine ka dhoogge dhirsa isi'ii waan te'eef, ani Mootiin Waan Maraa isi'iif hin araarama. \v 13 Dhirsi isi'ii waadaa isiin galte san yookiin waan godhiisaaf isiin kakatte san mara eeyyamiisaaf yookiin mormiisaaf mirga qaba. \v 14 Te'uu malee, dhirsi isi'ii guyyaa dhage'een jalqabee yoo cadhise, waan waadaa galtee fi waan kakatte san muummessuu qaddi; inni guyyaa dhage'een jalqabee waan cadhiseef, eeyyamuu ifii mirkaneesseera. \v 15 Te'uu malee, inni dhage'ee guyyaa diqqa'aan duuba yoo moromaa kaase, isiin yoo waadaa ifii hin muummessin isatti itti gaafatama› ka jedhu» jedhe. \p \v 16 Tokkummaa dhirsaa fi niitii wodhakkaa jiru, abba'aa fi intalti durraa ta mana abbaa ifii jirtu wodhakkaa jiru ilaalchisee seerati Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje kana. \c 31 \s1 Israa'elooti Worra Miidiyaanotaa Haluu Baate \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Marroo Israa'elootaatiif, worra Miidiyaanota haluu bayi; achiin duuba, ati hin duuta» jedhe. \p \v 3 Maarre Muuseen, kolba'aan, «Worra Miidiyaanotaa dhaqanee lolanee, haluu Mootii Waan Maraa akka bayanu, isin keessaa nama garii lolaaf qopheessa'a. \v 4 Gosa Israa'elii tokko tokkooyyuu keessaa dhiira kuma tokko tokko gara lolaa erga'a» jedhe. \p \v 5 Maarre gosa Israa'elii tokko tokkooyyuu keessaa dhiirti kum tokko tokko filantee, wolumatti dhiirti kum kudhanii lama lolaaf qophootte. \v 6 Muuseen gosa tokko tokkooyyuu keessaa dhiira kuma tokko tokko, Fiinehaasii ilma Ele'azaarii hayyichaa ka meya addee woyyitti'iitii fi tultullaa lolaaf ittiin dammassanu harkatti qabateeru woliin gara lolaa erge. \v 7 Isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, worra Miidiyaanotaa lolanee dhiira mara ijjeesane. \v 8 Worra isaan ijjeesane san keessa moototi worra Miidiyaanotaa shanan Ewii, Reqem, Zuur, Huurii fi Rebaalle hin jiran. Isaan Bala'aamii ilma Be'oriille shallaaga'aan ijjeesane. \p \v 9 Israa'elooti dubartoota worra Miidiyaanotaatii fi ijoollee isaanii booji'anee loon isaanii mara, hoole'ee fi re'ee isaaniitii fi karra isaanii mara saamanee fudhatane. \v 10 Qacha'aa fi addee quttuma isaanii maralle gubane. \v 11 Isaan waan booji'anee fi saamane mara namaa fi horii fuudhane. \v 12 Achiin duuba isaan waan booji'anee fi waan saamane laga Yordaanosiitiin gama, fuullee Yeriko'ootitti, dirree Mo'aabiititti addee isaan qubataneeranutti gara Muuse'ee fi Ele'azaarii hayyichaa, akkasuma gara wolde'a Israa'elootaa fidane. \s1 Lola Irraa Deebi'iisa Loltoota \p \v 13 Muuseen, Ele'azaariin hayyichii fi sooreyyiin wolde'aa marti loltoota qophatiisaaf addee quttumaa keessaa alatti bayane. \v 14 Muuseen ajajjoota loltootaa ka te'ane ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa worra lola irraa deebi'anetti aare. \p \v 15 Inni, «Isin dubartooti martinuu akka lubbu'uun hafanu maaf gootane? \v 16 Isaan kun gorsa Bala'aamii fudhatanee, Phe'oritti Israa'elooti Mootii Waan Maraa akka lakkittuu fi balaan kolbaa Mootii Waan Maraatitti akka bu'u worra godhe. \v 17 Maarre amma ijoollee dhiiraa maraa fi dubartoota dhiira woliin rafaneeranu mara ijjeesa'a. \v 18 Durra dhiira woliin rattee hin beenne ammoo ifiif hamburadha'a. \v 19 Isin worri nama ijjeettane yookiin reeffa tuxxane marti guyyaa torba addee quttumaatiin ala turuu qaddan. Guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo ifii fi dubartoota booji'attanelle qulqulleessa'a. \v 20 Woyaa maraayyuu, waan goga'aa fi rifeensa re'e'ee irraa hujame mara yookiin waan muka irraa hujame mara qulqulleessa'a» jedhe. \p \v 21 Ele'azaariin hayyichi, loltoota lola irraa deebi'aneen, «Ajaji seeraa ka Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje ka asii gad jiru: \v 22 Worqii, meetii, sageettuu, sibiila, qorqooroo, irsaasa, \v 23 waan ibiddi hin gunne mara ibidda keessa dabarsa'aatii qulqulleessa'a. Te'uu malee bisaan ittiin qulqulleessiisaalle'een qulleessuu qaddan. Wonni ibiddi gubu marti bisaan ittiin qulqulleessiisaa keessa dabarsa'aatii qulleessa'a. \v 24 Guyyaa torbeesso'oo woyaa teessan dhiqadha'a; isin qulluu hin teetan. Achiin duuba gara addee quttumaa gala'a» jedhe. \s1 Boojuu Qoodamane \p \v 25 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 26 «Atii fi Ele'azaariin hayyichi, sooreyyii kolba'aa woliin waan boojitane mara, namootaa fi horiille laakkowa'a. \v 27 Boojuu san worra loltootaatii fi kolba'aaf addee lamatti qooda'a. \v 28 Qooda loltootaa irraa namoota keessaa, loon keessaa, harree keessaa, hoole'ee fi re'ee keessaa dhibba shan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif qooda adda baasi. \v 29 Ana Mootii Waan Maraatiif kennansa addaa godhiitii, Ele'azaarii hayyichatti kenni. \v 30 Qooda Israa'elootaa irraa namoota keessaa, loon keessaa, harree keessaa, hoole'ee fi re'ee keessaa shantama keessaa tokko fuudhiitii Lewwoota worra itti gaafatantoota dunkaanii dhugaa bayaa tiyya keessa tajaajilanuuf kenni» jedhe. \v 31 Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi akkuma Mootii Waan Maraa Muusee ajaje godhane. \p \v 32 Boojuu loltooti fudhatte irraa ka hafe hoolee 675,000, \v 33 loon 72,000, \v 34 harree 61,000 \v 35 fi durra dhiira woliin rattee hin beenne 32,000. \v 36 Qoodi worra lola dhaqee deebi'ee, hoolee 337,500; \v 37 isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame hoolee 675. \v 38 Loon 36,000; isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame loon 72. \v 39 Harreen 30,500; isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame harree 61. \v 40 Namooti 16,000; isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame namoota 32; \v 41 Muuseen qooda Mootii Waan Maraatiif baafame san akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje Ele'azaarii hayyichatti kenne. \p \v 42 Qoodi Israa'elootaa, ka Muuseen worra lola dhaqee deebi'ee san irraa adda baase: \v 43 qoodi kolba'aa hoolee 337,500; \v 44 loon 36,000; \v 45 harree 30,500 \v 46 fi durra dhiira woliin rattee hin beenne 16,000. \v 47 Muuseen qooda Israa'elootaa irraa namoota keessaa, horii keessalle'ee shantama keessaa tokko fuudhee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti, Lewwoota itti gaafatantoota dunkaanii dhugaa bayaa ta Mootii Waan Maraa keessa tajaajilanuuf kenne. \p \v 48 Achiin duuba ajajjoota loltootaa ka te'ane ajajjooti kumaatii fi ajajjooti dhibbaa gara Muuse'ee dhaqanee, \v 49 «Nuuti tajaajiltooti teeti, loltoota ajaja keenna jala jiranu laakkonneerra; isaan keessaa tokkolle ka dhidhate hin jiru. \v 50 Maarre nuuti Mootii Waan Maraa duratti gumaa cubbuu teennaa tolchiisaaf, waan nami tokko tokkooyyuu dhaggate meya worqii irraa hujame: irmuura miilaa, irmuura harkaa, qubee qubaa, qubee gurraatii fi dooqa mormaa kennansa Mootii Waan Maraatiif finneerra» jedhane. \v 51 Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi faaya meya worqii irraa hujamee san mara isaan irraa fuudhane. \v 52 Worqiin ajajjooti kumaatii fi ajajjooti dhibbaa Mootii Waan Maraatiif fidane wolumatti gara kiiloogiraama dhibba lamaa teete. \v 53 Loltooti tokko tokkooyyuu waan saamane ifumaaf fudhataneeran. \v 54 Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi worqii ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa irraa fuudhane san, kolbaan Israa'elii, Mootii Waan Maraa duratti akka ittiin yaadatantu gara Dunkaanii Woldeenna'aa fidane. \c 32 \s1 Gosa Laga Yordaanosiitiin Gara Aduun Baatu Jirtu \r (Kes. 3:12-22) \p \v 1 Sanyiin Ruubeniitii fi sanyiin Gaadii horii bacaa qabaniiyyu; isaan latti Yaazeriitii fi latti Giil'aadii lafa hori'iif toltu akka teete dhaggane. \v 2 Maarre isaan gara Muuse'ee, gara Ele'azaarii hayyichaatii fi gara sooreyyii kolba'aa dhufanee, \v 3 «Ataaroti, Diibon, Yaazer, Niimraa, Heshiboon, Ele'aale, Sebaam, Neboonii fi Be'on, \v 4 latti Mootiin Waan Maraa akka Israa'elooti qabatanu godhe tun hori'iif dansa'a; nuuti tajaajiltooti teeti horii bacaa qanna. \v 5 Fuula keeti duratti fudhatama dhaggannee yoo jiraanne, lafa tana nu tajaajiltoota teetiif kenni malee, laga Yordaanosii gamatti akka buunu hin godhin» jedhane. \p \v 6 Muuseen ammoo sanyii Gaadiitii fi sanyii Ruubeniitiin, «Isin as teettanuun kolbaan biyya teessanii Israa'elooti lolaaf deemanii ree? \v 7 Kolbaan biyya teessanii Israa'elooti laga Yordaanosii gamatti buutee, lafa Mootiin Waan Maraa isaaniif kennetti akka hin galle maaf addii kutachiittan ree? \v 8 Lafa akka dooyanuuf abbootii teessan Qaadesh-Barnee irraa yennaa ani erge, isaanille akkasuma godhane. \v 9 Isaan haga dhooqa Eshikolii dhaqanee, lafa ilaalaneen duuba, Israa'elooti gara lafa Mootiin Waan Maraa isaaniif kenneeru sanitti akka hin galle addii kutachiisane. \v 10 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa guddoo aaree, kakatee, \v 11 ‹Namooti biyya Gibxi'iitii bayane worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii gadhaa tokkochaan na gula waan hin deeminiif, isaan keessaa nami tokkolle lafa ani Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf kaku'uun waadaa gale hin dhagganu. \v 12 Kaalebii ilma Yofunee Qenazichaatii fi Iyaasuu ilma Nunii worra gadhaa tokkochaan na gula deemane malee, isaan keessaa nami tokkolle hin dhaggu› jedhe. \v 13 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliititti guddoo aaree, dhalooti fuula Mootii Waan Maraa duratti hantuu hujane sun haga dhumatanutti, kolbaan Israa'elii woggaa afurtama goomolee keessa akka joonjitu godhe. \v 14 Isinille amma sanyiin namoota cubbaaleyyi'ii, addee abbootii teessanii buutanee, Mootiin Waan Maraa irra caalaa kolbaa Israa'eliititti akka aaru gootan. \v 15 Isin sanyiin Ruubeniitii fi sanyiin Gaadii isa hordofiisa irraa yoo deebitane, inni ammalle goomolee keessatti kolbaa tana hin lakkisa; isin badii isaaniitiif sababa hin teetan» jedhe. \p \v 16 Achiin duuba isaan gara Muuse'ee dhufanee, «Asitti horii keennaaf moonaa, ijoollee teennaa fi dubartoota teennaaf qachaa ijaaruu feena. \v 17 Te'uu malee, haga addee isaaniitiin isaan geennutti hidhannee Israa'eloota golii teennaa dura aannee loliisaaf qophoonneerra; yennaa san kolbaan lafa tana keessa leetu ijoollee teenna akka hin miine, ijoolleen teenna qachaa dalleenni dhaka'aa itti ijaarame keessa hin le'an. \v 18 Israa'elooti marti lafa ifii haga dhaalanutti nuuti gara mana keennaa hin deebinu. \v 19 Nuuti laga Yordaanosii irraa gara aduun baatutti lafa waan fudhanneef, laga Yordaanosiitiin gama lafa isaan woliin qoodannu hin qannu» jedhane. \p \v 20 Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Isin tana yoo gootane, lola dhaqiisaaf Mootii Waan Maraa duratti yoo qophoottane, \v 21 haga inni diinota ifii fuula ifii duraa oofee baasutti, isin worri meya lolaa hidhatee lolaaf qophootaneertanu martinuu fuula Mootii Waan Maraa dura laga Yordaanosii gamatti yoo buutane, \v 22 yennaa latti sun harka Mootii Waan Maraa jala galte, isin deebi'uu hin dandeettan. Mootii Waan Maraatii fi Israa'elootaafille akka gootanu waan isin irraa barbaadamu muummessitaneertan. Latti sunille fuula Mootii Waan Maraa duratti teessan hin teeti. \v 23 Isin waan kana yoo hin godhin ammoo, Mootii Waan Maraa irratti cubbuu hujjan; cubbuun teessan akka isin qabattu beeka'a. \v 24 Ijoollee teessanii fi dubartoota teessaniifille qachaa, hoole'ee fi re'ee teessanille'eef gooree ijaara'a; ammoo waan waadaa galtane muummessa'a» jedhe. \p \v 25 Achiin duuba sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii, Muuse'een, «Nuuti tajaajiltooti teeti, akka ati goottaan keenna ajajje hin goona. \v 26 Ijoolleen teenna, dubartooti teenna, loon keennaa fi horiin keenna marti as qachoota Giil'aadii keessatti hin hafan. \v 27 Nuuti tajaajiltooti teeti ammoo worri lolaaf qophoonne marti akkuma ati jette, Mootii Waan Maraa duratti, loliisaaf laga Yordaanosii gamatti buuna» jedhane. \p \v 28 Maarre Muuseen marroo isaaniitiif Ele'azaarii hayyicha, Iyaasuu ilma Nuniitii fi sooreyyii gosa Israa'elii ajajee, \v 29 «Sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii Mootii Waan Maraa duratti lolaaf qophowanee, isin woliin laga Yordaanosii bu'anee, lafa san yoo qabatane, lafa Gaal'aadii isaaniif kenna'a. \v 30 Isaan ammoo lolaaf hidhatanee isin woliin laga Yordaanosii gamatti yoo hin bu'in, isinuma woliin lafa Kana'aanii keessatti latti qooda isaanii isaaniif kennantuu ti» jedhe. \p \v 31 Sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti akkuma Mootiin Waan Maraa ajaje hin goona. \v 32 Nuuti lolaaf hidhannee, Mootii Waan Maraa duratti, gara lafa Kana'aanii gamatti hin buuna, latti nuuti fudhannu ammoo as laga Yordaanosiitiin gamana hin teeti» jedhane. \p \v 33 Achiin duuba Muuseen mootummaa Sihoonii mootii Amoorotaatii fi mootummaa Oogii mootii Baashaanii, lafa duudii qachoota isi'ii woliin, biyya adaala qachootaa woliin, sanyii Gaadiitii fi sanyii Ruubeniitiif, gamisa sanyii Minaasee ilma Yoseefiitiifille kenne. \v 34 Sanyiin Gaadii qachoota dalleenni dhaka'a itti ijaarame Diibon, Ataarot, Aro'er, \v 35 Atrot-Shofaan, Yaazer, Yogbehaa, \v 36 Bet-Niimra'aa fi Bet-Haaraan deebisanee ijaaranee, hoole'ee fi re'ootaafille gooree ijaarane. \v 37 Sanyiin Ruubenii qachoota: Heshiboon, Ele'aale, Kiriiyat-Aayim, \v 38 qachoota maqaan isaanii jijjiirame Nebo'oo fi Ba'aal-Me'on, Siibmaalle deebisanee ijaarane. Isaan qachoota deebisanee ijaarane kana maqaa baasane. \p \v 39 Sanyiin Maakiirii ilma Minaase'ee dhaqanee lafa Giil'aadii qabatanee, worra Amoorotaa ka achi jiranu ari'ane. \v 40 Maarre Muuseen lafa Giil'aadii sanynii Maakiirii ilma Minaase'eetiif kennee, isaanille achi le'ane. \v 41 Sanyiin Minaase'ee Yaa'iir olloota isaanii qabatee, «Olloota Yaa'iirii» jedhee moggaase. \v 42 Nobaalle dhaqee Qenaatii fi olloota adaala isi'ii qabatee, «Nobaa» jedhee maqaa ifiitiin moggaase. \c 33 \s1 Israa'elooti Biyya Gibxi'iitii Haga Mo'aabii Attam Akka Deemane \p \v 1 Israa'elooti akka gosa gosa ifiitiin Muuse'ee fi Aaroniin sooreffamaa biyya Gibxi'iitii yennaa bayane, addeen isaan itti quqqubataa ideemane asii gad jirti. \v 2 Akkuma ajaja Mootii Waan Maraatitti addeen isaan quqqubataa ideemane ta Muuseen barreessee asii gad jirti. \p \v 3 Kolbaan Israa'elii ji'a qaraa keessa, guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, Jila Irra Dabaramaatiin boruyyaa, worri Gibxi'ii duudiin adoo isaan dhagganuu, gadhaa jabeennaan qachaa Raamsesiitii ka'anee deemane. \v 4 Yennaa san worri Gibxi'ii ilmaan ifii angafoota Mootiin Waan Maraa ijjeese awwaaliisatti jiraniiyyu. Mootii Waan Maraa waaqota isaanii irralle'etti mureeraayyu. \p \v 5 Israa'elooti qachaa Raamsesiitii ka'anee Suukoot qabatane. \v 6 Suukootii ka'anee, cinaa goomole'ee Etaamii qubatane. \v 7 Etaamii ka'anee, Phiihahiirot ta Baa'el-zefon irraa gara aduun baatu jirtutti gara duubaa deebi'anee, Miigdol fuula dura qubatane. \v 8 Phiihahiirotii ka'anee, abbaayaa diintuu keessa dabaranee, gara goomolee taranee, karaa guyyaa sadii goomolee Etaamii keessaa deemanee Maaraa qubatane. \v 9 Maaraa ka'anee, addee maddi bisaanii kudhanii lamaa fi meexxiin torbaatam jirtu Eliim qubatane. \p \v 10 Eliimii ka'anee, abbaayaa diintuu\f + \fr 33:10 \fr*\fqa Abbaayaa diintuu: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa abbaayaa allaadu'uu \fqa*\ft jedha.\ft*\f* bira qubatane. \v 11 Abbaayaa diintuu biraa ka'anee, goomolee Siinii keessa qubatane. \v 12 Goomolee Siiniitii ka'anee Dofqaa qubatane. \v 13 Dofqa'aa ka'anee Aluushi qubatane. \v 14 Aluushii ka'anee, addee bisaan kolbaan untu hin jirre Refiidiim qubatane. \p \v 15 Refiidiimii ka'anee, goomolee Siina'aa keessa qubatane. \v 16 Goomolee Siina'aatii ka'anee, Kibrot-hataawaa qubatane. \v 17 Kibrot-hataawa'aa ka'anee Haseroot qubatane. \v 18 Haserootii ka'ane Riitmaa qubatane. \v 19 Riitma'aa ka'anee Rimoon-Faares qubatane. \v 20 Rimoon-Faaresii ka'anee Liibnaa qubatane. \v 21 Liibna'aa ka'anee Riisaa qubatane. \v 22 Risa'aa ka'anee Qehelaataa qubatane. \v 23 Qehelaata'aa ka'anee gaara Shaaferii qubatane. \v 24 Gaara Shaaferiitii ka'anee Haraadaa qubatane. \v 25 Haraada'aa ka'anee Maqhelot qubatane. \v 26 Maqhelotii ka'anee Taahaati qubatane. \v 27 Taahaatii ka'anee Taaraa qubatane. \v 28 Taara'aa ka'anee Miitqaa qubatane. \v 29 Miitqa'aa ka'anee Haashmoonaa qubatane. \v 30 Haashmoona'aa ka'anee Moserooti qubatane. \v 31 Moserootii ka'anee Beneyaa'aakaan qubatane. \v 32 Beneyaa'aakaanii ka'anee Hoor-Haagidgaadi qubatane. \v 33 Hoor-Haagidgaadii ka'anee Yoxbaataa qubatane. \v 34 Yoxbaata'aa ka'anee Abronaa qubatane. \v 35 Abrona'aa ka'ane Eziyon-Geberi qubatane. \v 36 Eziyon-Geberii ka'anee goomolee Ziinii keessa Qaadeshi qubatane. \v 37 Qaadeshii ka'anee meessaa lafa Edoomii gaara Hoorii irra qubatane. \p \v 38 Aaroniin hayyichi ajaja Mootii Waan Maraatiin gara gaara Hoorii ol baye; Israa'elooti biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba woggaa afurtameesso'oo keessa, ji'a shaneesso'oo guyyaa qaraa achitti du'e. \v 39 Aaron gaara Hoorii irratti yennaa du'e san woggaan isaa dhibba tokkoo fi diddamii sad. \p \v 40 Mootichi Araadii Kana'aanichi, ka goomolee kibba kana'aanii keessa\f + \fr 33:40 \fr*\fqa Kibba Kana'aanii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Negeb \fqa*\ft jedha.\ft*\f* le'u, dhufiisa Israa'elootaa dhage'e. \p \v 41 Isaan gaara Hooriitii ka'anee Xalmonaa qubatane. \v 42 Xalmona'aa ka'anee Fuunon qubatane. \v 43 Fuunonii ka'anee Obooti qubatane. \v 44 Obootii ka'anee meessaa Mo'aabii irra Iyye-Abaariim qubatane. \v 45 Iyye-Abaariimii ka'anee Diibon-gaad qubatane. \v 46 Diibon-gaadii ka'anee Almoon-diiblaataayimi qubatane. \v 47 Almoon-diiblaataayimii ka'anee gaara Neboo fuula dura, gaarota Abaariimii irra qubatane. \v 48 Gaarota Abaarimiitii ka'anee fuullee Yeriko'oo cinaa laga Yordaanosii dirree Mo'aabii keessa qubatane. \v 49 Achi laga Yordaanosii bira dirree Mo'aabii keessa Bet-yeshiimoot irraa haga Abeel-shiixiimiititti qubatane. \s1 Israa'elooti Yordaanos Gamatti Adoo Hin Bu'in Qajeelfama Kenname \p \v 50 Yerikoo fuula dura, laga Yordaanosii bira, dirree Mo'aabii keessa adoo jiranuu, Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbatee, \v 51 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Laga Yordaanosii gamatti buutanee, gara lafa Kana'aanii yennaa seentanu, \v 52 nama lafa san irra jiru mara ifi duraa baasa'a; waaqota dharaa fakkii bocantee hujantee fi fakkii baqisiifantee hujante mara balleessa'a; addee waaqonfannaa isaaniille mara diiga'a. \v 53 Lafa san akka qabattanuuf, ani waan isinii kenneeruuf, lafa san fudhadha'aatii keessa le'a'a. \v 54 Akkuma fira fira keessaniititti lafa san hixa'aan qoodama'a; fira gudda'aaf, lafa guddoo, fira diqqa'aaf, lafa diqqoo kenna'a; nama tokko tokkoofuu akkuma hixaan isaaf bu'etti latti isaaf hin teeti; akkuma fira abbootii teessan ta duriititti lafa fudhadha'a. \v 55 Worra lafa san keessa le'u ariitanee yoo hin baasin ammoo, worri isin hamburtane sun, ila teessaniif akka fadhaanaa, cinaacha keessaniif akka qore'ee hin te'an. Lafa isin keessa leetanu mara keessatti isin hin rakkisan. \v 56 Anille waan isaan irratti godhiisaaf yaadadhe, isin irratti hin godha› jedhiin» jedhe. \c 34 \s1 Meessaa Lafa Kana'aanii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Ati Israa'elootaan, ‹Lafa Kana'aanii ta ani isinii kennu sanitti yennaa galtane, meessaan isi'ii: \v 3 Gara kibbaatiin goomolee Ziinii ta meessaa Edoomii jirtu irraa lafa diqqoo dabalata. Gara aduun baatuun, meessaan keessan ka gara kibbaa irga abbaayaa sooddaa irraa ka'a. \v 4 Achiin duuba gara Aqrabiimii ol qabatee gara kibbaa deebi'ee, Ziin keessa dabaree gara kibbaatiin haga Qaadesh-Barna'aa ti. Achiin duuba karaa Haazar Adaarii dhaqee gara Azmoona'aa dabara. \v 5 Azmoon irraa ka'ee gara laga Gibxi'ii deebi'ee abbaayaa Mediteraaniya'aatitti hin dhaabbata. \p \v 6 « ‹Meessaan keessan ka gara aduun seentuu abbaayaa Mediteraaniya'aa hin te'a. Kun meessaa keessan ka gara aduun seentuu ti. \p \v 7 « ‹Meessaa keessan ka gara kaabaa abbaayaa Mediteraaniya'aatii haga gaara Hooriititti beessisa itti godhadha'a. \v 8 Gaara Hooriitii haga Leboo-Haamaatii ti; dhumi meessaa sanii Zedaad hin te'a. \v 9 Achille'ee haga Ziifronii dhaqee Haazar Enaanitti dhaabbata. Kun meessaa keessan ka gara kaabaa ti. \p \v 10 « ‹Meessaa keessan ka gara baya adu'uutiif, Haazar Enaan irraa haga Shefaamiititti beessisa itti godhadha'a. \v 11 Meessaan kun Shefaamii ka'ee Aayin irraa gara baya adu'uutiin gara Riibla'aa gad bu'ee, haga goodda abbaayaa Kiineretii irraa gara baya adu'uu jirtuulle gad dhaqa. \v 12 Achiin duuba meessaan keessan haga laga Yordaanosii gad bu'ee, abbaayaa sooddaatitti dhaabbata; meessaa isi'ii woliin, tun lafa teessan hin teeti› jedhiin» jedhe. \p \v 13 Muuseen Israa'eloota ajajee, «Lafa tana hixaa buufadha'aa qoodama; Mootiin Waan Maraa gosa sagalii fi gamisa gosa Minaase'eetiif akka kennatantu ajajeera; \v 14 sababille gosi Ruubeniitii fi gosi Gaadii, gamisi gosa Minaase'eelle akka maatii maatii ifiititti lafa ifii fudhataneeran. \v 15 Gosi lamaan tunii fi gamsi gosa Minaase'ee, laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatuun, Yeriko'oon gama karaa baya adu'uutiin lafa ifii fudhataneeran» jedhe. \s1 Sooressitoota Lafa Qoodiisaaf Filamane \p \v 16 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 17 «Maqaan namoota lafa isiniif qoodanuu: hayyicha Ele'azaarii fi Iyaasuu ilma Nunii ti. \v 18 Lafa qoodiisaaf akka qarqaaranu gosa mara keessaa sooressa tokko tokko fila'a. \v 19 Maqaan isaanii: \b \li1 gosa Yihuda'aa keessaa, \li2 ilma Yofune'ee Kaaleb; \li1 \v 20 gosa Shimi'oonii keessaa ilma Amiihudii Shemu'el; \li1 \v 21 gosa Beniyaaminii keessaa, \li2 ilma Kiislonii Eliidaad; \li1 \v 22 gosa Daanii keessaa sooressa tokko, \li2 ilma Yogliitii Buki; \li1 \v 23 gosa Minaasee ilma Yoseefii keessaa sooressa tokko, \li2 ilma Efodii Haanii'el; \li1 \v 24 gosa Efreemii ilma Yoseefii sooressa tokko, \li2 ilma Shiiftaanii Kemu'el; \li1 \v 25 gosa Zebuloonii keessaa sooressa tokko, \li2 ilma Phaarnaakii Eliizaafaan; \li1 \v 26 gosa Yisaakorii keessaa sooressa tokko, \li2 ilma Aazaanii Phaalti'el; \li1 \v 27 gosa Asheerii keessaa sooressa tokko, \li2 ilma Shelomii Ahiihud; \li1 \v 28 gosa Naftaalemii keessaa sooressa tokko, \li2 ilma Amiihudii Phedaahel» jedhe. \p \v 29 Lafa Kana'aanii keessatti akka lafa Israa'elootaaf qoodanu namooti Mootiin Waan Maraa ajaje isaan kana. \c 35 \s1 Qachoota Lewwootaaf Kenname \p \v 1 Yerikoo fuula dura, laga Yordaanosiitiin gama, dirree Mo'aabii keessatti Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Lafa fudhatanu irraa, Lewwootaaf qachoota keessa le'anu akka kennanu, Israa'eloota ajaji; adaala qachootaatille'etti lafa horii itti tiffatanu isaaniif kenni. \v 3 Achiin duuba isaan qachoota keessa le'anuu fi lafa loon ifii, hoole'ee fi re'ee ifii itti tiffatanu hin qabaatan. \v 4 Latti horii itti tiffatanu adaala qacha'aatitti ta isin Lewwootaaf kennitanu, dalleya qachootaa irraa kaatee gara alaatitti ciqilee kuma tokko teetuu ti. \v 5 Qachoota wodhakka'atti hambura'aatii, karaa baya adu'uutiin ciqilee kuma lama, karaa kibbaatiin ciqilee kuma lama, karaa seensa adu'uutii ciqilee kuma lama, karaa kaabaatiin ciqilee kuma lama dhowa'a. Lafa tana horii qachoota keessaa addee itti tiffattanu hin godhatan. \s1 Qachoota Itti Baqatanu \p \v 6 «Qachoota isin Lewwootaaf kennitanu keessaa qachooti jaa qachoota nami nama ijjeese itti baqatu hin te'an. Itti dabala'aatii qachoota afurtamii lama isaaniif kenna'a. \v 7 Wolumatti qachoota afurtamii saddeeti, lafa horiin itti tiffatanu woliin Lewwootaaf kenna'a. \v 8 Lafa Israa'elooti dhaalte keessaa akkuma gosi tokko tokkooyyuu qooda qaddutti gosa qachoota hedduu qaddu irraa qachoota hedduu, gosa qachoota diqqaa qaddu irraa qachoota diqqaa fuudha'aatii Lewwootaaf kenna'a» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 10 «Ati Israa'elootatti dubbadhuutii, isaaniin, ‹Laga Yordaanosii gamatti buutanee, gara lafa Kana'aanii yennaa seentanu, \v 11 Qachoota nami danu'uun nama ijjeese itti baqatu filadha'a. \v 12 Qachooti sun nami nama ijjeese mura'aaf wolde'a dura adoo hin dhaabbatin akka hin ijjeefanne, nama haluu bayu duraa addee itti baqatu hin te'an. \v 13 Qachoota isin Lewwootaaf kennitanu keessaa, qachooti jaa ka isin itti baqattanu hin te'an. \v 14 Laga Yordaanosii irraa karaa baya adu'uutiin Qachoota sad, lafa Kana'aanii keessaa qachoota sad qachoota nami itti baqatu kenna'aaf. \v 15 Qachooti jaan kun isin Israa'eloota keessaa, alaga'aa fi kolbaa odduu teessan leetu ta dhibii mara keessalle'ee, nama danu'uun nama ijjeeseef addee itti baqattanu hin te'an. \p \v 16 « ‹Nami tokko meya sibiilaatiin nama tokko dhowee nami sun yoo du'e, nami sun nama nama ijjeese; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti. \v 17 Yookiin nami tokko dhakaa nama ijjeesuu dande'u harkaa qabaatee, nama tokko dhowee yoo ijjeese, nami sun nama dhiigaa ti; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti. \v 18 Yookiin nami tokko muka nama ittiin dhowee ijjeesuu dande'u harkaa qabaatee, nama tokko dhowee yoo ijjeese, nami sun nama nama ijjeese; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti. \v 19 Nami haluu bayiisaaf barbaadu nama nama ijjeese san ijjeesuu ti; yennaa isa dhagge ijjeesuu ti. \v 20 Nami tokko beekaa nama dhibii jibbee darbee yookiin waan tokko itti darbatee yoo ijjeese, \v 21 yookiin jibbee harka ifiitiin dhowee nami sun yoo du'e, inni ijjeefamuu ti; nami sun nama dhiigaa ti; nami haluu bayiisaaf barbaadu yennaa nama nama ijjeese san dhagge ijjeesuu ti. \p \v 22 « ‹Te'uu malee, nami tokko diinummaa adoo irraa hin qabaatin dedhuma nama dhibii darbee yookiin waan tokko itti darbatee yoo ijjeese, \v 23 yookiin adoo isa hin dhaggin, dhakaa nama ijjeesuu dande'u itti darbatee nami sun yoo du'e, inni diina isaa waan hin te'iniif, isa miidhiisaafille beekaa waan hin godhiniif, \v 24 wodhakkaa nama nama ijjeeseetii fi nama haluu bayuutitti akka seerata kanaatitti wolde'i muraa kennu muraa kennuu ti. \v 25 Wolde'i sun nama nama ijjeesee himatame san nama haluu bayiisaaf barbaadu san irraa dhooggee, gara qachaa inni itti baqatee san isa deebisuu ti. Hayyichi guddaan zayitii woyyitti'iin muudame sun haga du'utti inni achi turuu qaba. \v 26 Te'uu malee, nami nama ijjeesee himatame sun meessaa qachaa itti baqate san keessaa alatti yoo baye, \v 27 nami haluu bayiisaaf barbaadu sun meessaa qachaa saniitiin alatti dhaggee yoo isa ijjeese, yakkaa nama ijjeecha'aatiin hin himatamu. \v 28 Nami nama ijjeese sun haga hayyichi guddaan sun du'utti qachaa ifii ka itti baqate san keessa turuu qaba; eega hayyichi guddaan sun du'e qofa gara lafa ifii deebi'a. \v 29 Addee leetanu maratti, dhaloota dhufu mara keessatti kun seerata isiniif te'uu ti. \p \v 30 « ‹Nami nama ijjeese yoo dhugaa irratti bayane qofa ijjeefama; te'uu malee dhugaa baya nama tokkoo qofaan nami tokkolle hin ijjeefamin. \v 31 Nami duuti itti murante, ijjeefamuu ti malee, wodoo isaa hin fudhatina'a; nami sun dhugumaan ijjeefamuu qaba. \v 32 Nama gara qachaa itti baqatanuu baqate tokko adoo hayyichi guddaan hin du'in akka inni gara lafa ifii deebi'ee le'uuf wodoo irraa hin fudhatina'a. \v 33 Dhiigi waan lafa batteessuuf, lafa keessa leetanu dhiigaan hin batteessina'a! Dhiiga nama dhiiga dhangalaaseetiin malee, dhiigi nama dhibi'ii dhangalaafamee lafa saniif gumaan hin tolfamin. \v 34 Ani Mootiin Waan Maraa isin Israa'eloota odduu waan buluuf, lafa keessa leetanuu fi addee anille bulu hin batteessina'a!› jedhi» jedhe. \c 36 \s1 Dhaala Durra Zelofehaadii \p \v 1 Sooressitooti fira Giil'aadii ilma Maakiirii, akaakoti Minaase'ee ta fira sanyii Yoseefii gara Muuse'eetii fi gara sooressitoota kolba'aa, gara sooressitoota maatii Israa'elootaa dhufanee, \v 2 «Mootiin Waan Maraa akka ati Israa'elootaaf hixaa buuttee lafa qooddu si goottaa keenna yennaa ajaje, lafa obboleessa keenna Zelofehaadii durra isaatiif akka kennitu si ajajeera. \v 3 Durri tun ammoo ilmaan gosa Israa'eloota dhibi'ii yoo heerumane, latti isaanii lafa abbootii teenna ta durii irraa fudhatantee gara gosa isaan itti heerumanee san hin dabarti. Yoo akkas teete qoodi lafa hixa'aan nu'uuf kenname nu duraa hin fudhatama. \v 4 Yennaa jilti woggaa shantameesso'oo ta Israa'elootaa dhuttu, latti isaanii lafa abbootii teenna ta durii irraa fudhatantee, gara lafa gosa isaan itti heerumanee hin dabalanti» jedhane. \p \v 5 Achiin duuba Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isatti dubbate Israa'eloota ajajee, «Wonni gosi sanyii Yoseefii jettu dhuga'a; \v 6 Marroo durra Zelofehaadiitiif wonni Mootiin Waan Maraa ajaje ka asii gad jiru: Kunille, ‹Eega nama fira gosa abbaa isaanii te'ee, isaan nama ila isaaniititti tole heerumanuu ti. \v 7 Israa'elooti marti lafa abbootii ifii irraa fudhatane jabeeffatanee waan qabatanuuf latti Israa'elootaa gosa tokko irraa gara gosa dhibi'iititti hin dabartu. \v 8 Israa'elooti marti lafa abbootii ifii waan dhaluu qabanuuf, durri gosa Israa'elii keessaa lafa qabanu marti gosa abbaa ifii keessaa nama tokko heerumanuu ti. \v 9 Israa'elooti marti lafa ifii jabeeffatanee waan qabatanuuf, latti gosa tokko irraa gara gosa dhibi'iititti hin dabartu› jedheera» jedhe. \p \v 10 Maarre durri Zelofehaadii akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhane. \v 11 Durri Zelofehaadii Maahilaa, Tiirzaa, Hoglaa, Miilka'aa fi No'aa. Isaan ilmaan obboleeyyan abbaa ifii heerumane. \v 12 Isaan fira sanyii Minaasee ilma Yoseefii heerumane; latti isaaniille firaa fi gosuma abbaa isaaniitiif hatte. \p \v 13 Fuullee Yeriko'oo, laga Yordaanosiitiin gama, dirree Mo'aabii keessatti ajajii fi seerati Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin Israa'elootaaf kenne isaan kana.