\id NEH - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Nahimiya'aa \toc1 Kitaaba Nahimiya'aa \toc2 Kitaaba Nahimiya'aa \toc3 Neh. \mt1 Kitaaba Nahimiya'aa \imt Seensa \ip Kitaab Nahimiya'aa kutaa afuritti qoodamuu dande'a: (1) Nahimiyaan Yihudaa bulchiisaaf mootummaa Faaresiitiin addee ergameeruu, gara Yerusaalemii deebi'uu isaa. (2) Deebi'ee ijaaramiisa dalleya Yerusaalemii. (3) Dubbifama ulfaataa Seera Waaqaa ka Izraan dubbisee fi cubbuu faaci'atiisa kolba'aa. (4) Nahimiyaan mootii Yihuda'aa te'ee hujii dhibii inni huje. \ip Kitaaba kana keessatti wonni mudhatu beekkamaan tokko, Waaqatti irkatiisa guddaa Nahimiya'aatii fi daadimata gargar hin cinne ka inni daadimate. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Nahimiyaan gara Yerusaalemii deebi'e\ior 1:1—2:20\ior* \io1 Deebi'ee ijaaramiisa dalleya Yerusaalemii\ior 3:1—7:73\ior* \io1 Seerri dubbifame; Gondooroolle haareffante\ior 8:1—10:39\ior* \io1 Hujii dhibii Nahimiyaan huje\ior 11:1—13:31\ior* \c 1 \s1 Nahimiyaan Kolbaa Ifiitiif Daadimate \p \v 1 Jechooti Nahimiyaa ilma Kaalya'aa kana. Artashaastaan mootii Faaresii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, ji'a kiisluu jedhamu keessa, ani qachaa guddicha susaan jedhamu keessa adoo jiruu, \v 2 obboleeyyan tiyya keessaa tokkochi, Haanaan, jara takka woliin Yihudaa irraa dhufe; anille marroo Yihudoota worra adoo hin booji'amin achitti hafee lubbu'uun jiruu fi marroo Yerusaalemii isaan gaafadhe. \v 3 Isaan deebisanee, «Worri adoo hin booji'amin hafee adaala san keessa lubbu'uun jiru, rakkinna gudda'aa fi salphinna keessa jiran; dalleenni Yerusaalemii caccabee jigeera; balbalti isi'iille ibiddaan gubatteerti» jedhane. \p \v 4 Ani yennaa jecha kana dhage'e gad tee'ee bowe; guyyaa hedduu gaddee, Waaqa ol-gubba'aa duratti laamee daadimadhe. \v 5 Daadimata kiyya keessatti, «Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa ol-gubba'aa! Ati gudda'a; sodaachisa'alle'e. Worra si jaalatuuf, worra ajaja keeti eegatuufille, gondooroo teetii fi jaalala keeti ka bara baraa ka eegattu, \v 6 daadimata ani garbichi keeti si duratti halkanii fi guyyaa tajaajiltoota teeti, kolbaa Israa'eliitiif amma daadimadhu, gurri keeti dhage'uu ti; ilti teetille dhaggituu ti. Cubbuu nuuti kolbaan Israa'elii hunye hin faaci'adha. Anii fi abbootiin tiyya yakkineerra. \v 7 Nuuti si duratti daba hunyeerra; ajaja keetii fi sirna, seerata ati tajaajilaa keeti Muusee ajajjelle hin eeganne. \v 8 Ati, ‹Isin yoo addatamuu dhaddane, ani worra Yihudoota hin te'in odduu isin bittinneessa; \v 9 isin ammoo yoo gara kiyya deebitanee fi ajaja kiyya eegattanee tolchitane, haga qaccee biyya lafaa bittinnoottanulle, ani achii wolitti isin qabee deebisee addee maqaan kiyya akka itti waamamuuf filadhetti isin fida› jecha jettee garbicha keeti Muusee ajajje qaabadhu. \v 10 Isaan tajaajiltoota teetii fi kolbaa teeti, ta ati harka keeti jaba'aa fi hunna teeti guddo'oon wodatte. \v 11 Ee Gootta'a, gurri keeti daadimata ana tajaajilaa keetiitii fi daadimata tajaajiltoota teeti worra maqaa keeti ulfeessiisatti gammaduu dhage'uu ti. Mootichi kun akka naa mararu godhiitii, adha tajaajilaa keeti milkeessi!» jedhe. \p Yennaa san, ani nama mootichaaf daadhii dhikeessu. \c 2 \s1 Nahimiyaan Gara Yerusaalemii Dhaqe \p \v 1 Artashaastaan mootii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, ji'a «Niisaan» jedhamu keessa, yennaa daadhiin woyni'ii isaaf qophootte, ani daadhii woyni'ii fuudhee mootichaaf kenne. Ani duraan isa duratti gaddee hin beekuuyyu. \v 2 Maarre mootichi, «Ati adoo hin dhibamin, maaf gaddite? Kun gadda gadha'aa ti malee, waan dhibi'ii moti» naan jedhe. \p Achiin duuba ani guddoo sodaadhee, \v 3 mootichaan, «Mooticha, bara baraan jiraadhu! Yennaa qachaan, addeen abbootiin tiyya itti awwaalamane diigamu, balbalti isaa duudiille ibiddaan gubattee baddu, ani maaf hin gaddine ree?» jedheen. \v 4 Achiin duuba mootichi, «Maan akka sii godhu barbaadda ree?» naan jedhe. Maarre ani Waaqa ol-gubba'aa daadimadhee, \v 5 mootichaan, «Fedhii teeti yoo teete, ani tajaajilaan keeti si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, qachaa abbootiin tiyya itti awwaalamane san deebisee akka ijaaru, gara lafa Yihuda'aa akka na ergitu barbaada» jedheen. \p \v 6 Achiin duuba mootichi, «Haga guyyaa meeqaa ideenta? Yoom deebita?» naan jedhe; mootichi ana ergiisaaf waan gammadeef, anille guyyaa meeqa akka deemu itti hime. Yennaa san giittiille isa bira teetteerti. \v 7 Achiin duuba ani mootichaan, «Fedhii teeti yoo teete, haga Yihudaa gewutti nageyaan akka na dabarsanu, bulchitoota lafa laga Efraaxiisiitiin gamaatiif xalayaa naa barreessi; \v 8 karra dalleya Galma Waaqaatiif, balbala dalleya qacha'aatiif, mana ani keessa le'ulle'eef muka gugurdaa akka naa kennuuf, Asaafii gongomaa mootumma'aa eegulle'eef xalayaa barreessii ajaji» jedhe. Waaqi waan na woliin jiruuf, mootichi waan ani gaafadhe mara naa kenne. \p \v 9 Achiin duuba mootichi qondaaltota loltootaatii fi abbootii fardaa na woliin erge; anille gara worra bulchitoota lafa laga Efraaxiisiitiin gamaa dhaqee, xalayaa mootichaa itti kenne. \v 10 Namichi qachaa Bet-Horoonii Sanbalaaxii fi qondaaltichi nami biyya Amoonii Xobiiyaan, nami tokko Israa'elootaaf waan dansaa hujiisaaf akka dhufe yennaa dhage'ane, akka malee aarane. \s1 Nahimiyaan Deddeemee Dalleya Ilaale \p \v 11 Maarre ani Yerusaalem dhaqee, guyyaa sad achi ture. \v 12 Achiin duuba ani namoota diqqaa tokko woliin halkaniin ka'e; Yerusaalemiif akka ani hojjadhu waan Waaqi gadhaa kiyya keessa keye nama tokkolle'etti himee hin jiruuyyu. Geejjibi ani fudhadhee deeme geejjiba irra tee'e qofa. \v 13 Ani halkaniin karaa karra dhooqaa bayee madda jawwe'ee dabaree karra kosi'ii dhaqe; dalleya Yerusaalemii ka diigamee fi karra isi'ii ta ibiddaan gubattee badde ilaale. \v 14 Achiin duuba gara karra madda bisaaniitii fi baleessa mooti'ii dhaqe; ammoo geejjibi ani irra tee'eeru karaa dabaru dhabe. \v 15 Maarre ani halkaniin dalleya ilaalaa karaa dhooqaa ol baye. Achiin duuba duubatti deebi'ee, karra dhooqaa seenee deebi'ee gale. \v 16 Qondaallan eessa akka ani dhaqeeru yookiin maan akka ani hujiisatti jiru hin beenne; Yihudootatti, hayyootatti, worra gugurda'atti, qondaaltota, namoota dhibii worra hujii huju'uu jirulle'etti hin hinne. \p \v 17 Achiin duuba ani isaaniin, «Rakkinna nuuti keessa jirru isin hin dhaggitan; Yerusaalem jiddeerti; karri isi'iille gubatteerti; tanaaf haganaa achi akka hin salphanneef, kowa'a dalleya Yerusaalemii deebinnee ijaarra» jedhe. \v 18 Anille Waaqi attam akka na woliin jiraatee na qarqaaree fi jecha mootichi naan jedhelle isaanitti hime. Achiin duuba isaan, «Deebinnee ijaariisa jalqannuu ti!» jedhane. Maarre isaan hujii dansaa tana jalqabiisaaf qophowane. \v 19 Nami qachaa Bet-Horoonii Sanbalaaxii fi qondaaltichi nami biyya Amoonii Xobiiyaan, Geshemiin arabichille waan nuuti karoorfanne yennaa dhage'ane ammoo, busheeshanee, nu qaanessanee, «Wonni isin hujiisatti jirtanu kun maan inni? Isin mooticha finqiliisaan mormiisatti jirtanii?» jedhane. \v 20 Achiin duuba ani deebisee, «Waaqi ol-gubba'aa nu hin milkeessa; nuuti tajaajiltooti isaa kaanee ijaariisa hin jalqanna; isin ammoo Yerusaalem keessaa qooda yookiin waan nu'uuf te'a jettanu yookiin haqa dabarsi'ii hin qaddanu» jedheen. \c 3 \s1 Deebi'ee Ijaaramiisa Dalleya Yerusaalemii \p \v 1 Achiin duuba hayyichi guddaan Eliyaashiibii fi hayyooti isa woliin hujanu «Karra hoolotaa» ta jedhantu deebisanee ijaaranee, Waaqaaf adda baasanee cufanaa itti naqane; isaan haga xelleephoo dhaka'aa «Dhibba» jedhantuu fi haga xelleephoo Hanaani'eliititti Waaqaaf adda baasane. \p \v 2 Namooti Yeriko'oo ka itti aanu ijaarane. Zakuriin ilmi Iimriille ka itti aanu ijaare. \p \v 3 Ilmaan Hasenaa «Karra qurxummi'ii» ta jedhantu ijaarane; karra saniif utubaa dhaabanee, cufanaa itti hujanee, danqaraa itti hujane. \p \v 4 Ilmi Uriiya'aa Meremoot, akaakoon Haqosii ka itti aanu deebisee ijaare. \p Ilmi Berekiiya'aa Meshulaam, akaakoon Meshezaabi'elii ka itti aanu deebisee ijaare. \p Zaadoq ilmi Ba'ana'aa ka itti aanu deebisee ijaare. \p \v 5 Worri Teqo'aa ka itti aanu deebisee ijaare; sooreyyiin isaanii ammoo, itti gaafattantoota huji'iitiif ajajamanee hujiisa didane. \p \v 6 Ilmi Phaasehaatii Yoyaada'aa fi ilmi Besodeya'aa Meshulaam karra dullattii deebisanee ijaarane. Isaan karra saniif utubaa dhaabanee, cufanaa itti hujanee, danqaraa itti hujane. \p \v 7 Melaaxiiyaan Giibe'ontichi, Yaadon Merontichi akkasuma worri Giibe'oniitii fi worri Miispha'aa haga addee teessoo bulchaa lafa laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, ka itti aanu deebisanee ijaarane. \v 8 Ilmi Haarhaya'aa Uzii'el ka worqii tumu, ka itti aanu deebisee ijaare. Hanaaniyaan fiqiree tolchu, ka itti aanu deebisee ijaare. Isaan haga addee, «Dalleya badhaa» jedhantuu Yerusaalem deebisanee ijaarane. \p \v 9 Ilmi Huurii Refaayaan, ka gamisa aanaa Yerusaalemii bulchaa ture, ka itti aanu deebisee ijaare. \p \v 10 Ilmi Harumaafii Yedaa'iyaan mana ifii biraan, ka itti aanu deebisee ijaare; ilmi Hashabniiya'aa Haxushi, ka itti aanu deebisee ijaare. \p \v 11 Ilmi Haariimii Malkiiya'aa fi ilmi Phaahat-Mo'aabii Hashub kutaa dhibi'ii fi «Xelleephoo addee ibiddaa» jedhantu deebisanee ijaarane. \p \v 12 Ilmi Haloheshii Shaalum, ka gamisa aanaa Yerusaalemii dhibii bulchuu fi durri isaa, ka itti aanu deebisanee ijaarane. \p \v 13 «Karra dhooqaa» ta jedhantu, Hanuunii fi worra Zaano'aatitti deebisee ijaare; isaan haga karra, «Karra kosi'ii» jedhantuutitti meetira 440 deebisanee ijaaranee, cufanaa itti hujanee, danqaraa itti hujane. \p \v 14 Ilmi Rekaabii Malkiiyaan, bulchaan aanaa Bet-Hakeremii karra, «Karra kosi'ii» jedhantu deebisee ijaaree, cufanaa itti hujee, danqaraa itti huje. \p \v 15 Ilmi Kolhozee Shaalum, bulchaan aanaa Miispha'aa karra, «Karra maddaa» jedhantu deebisee ijaaree, gosee itti ijaaree, cufanaa itti hujee, danqaraa itti huje; inni dalleya baleessa shela'aa ka fichaa mootichaatitti aanu irraa, haga sadarkaa qachaa guddicha Daawitii ka irii gadi buusuutitti deebisee ijaare. \p \v 16 Ilmi Azbukii Nahimiyaan ka gamisa aanaa Bet-Zuurii bulchaa ture, irreensa Daawitii fuula duraa kaasee haga baleessa nami hujeetii fi haga mana worra jannootaatitti, ka itti aanu deebisee ijaare. \s1 Lewwoota Worra Dalleya Ijaare \p \v 17 Worri Lewwootaa, ilma Banii Rehuumiin sooreffamanee dalleya itti aanu deebisanee ijaarane. \p Hashabiiyaan bulchaan gamisa aanaa Qeyila'aa, qooda aanaa ifii ka itti aanu deebisee ijaare. \p \v 18 Ilmi Henaadaadii Biinuyi, ka gamisa aanaa Qeyila'aa dhibii bulchu, ka itti aanu ijaare. \p \v 19 Ilmi Yeshu'aa Ezer, ka Miisphaa bulchu, mana meya lolaa keyatanu fuula duraa jalqabee, haga addee dalleenni dhaqee itti dabuu, ka itti aanu deebisee ijaare. \p \v 20 Ilmi Zaabayii Baaruki, addee dalleenni dhaqee itti dabu irraa kaasee, haga seensuma mana hayyicha guddaa Eliyaashiibii, ka itti aanu deebisee ijaare. \p \v 21 Ilmi Uriiya'aa Meremoot, akaakoon Haqosii balbala mana Eliyaashiibii irraa kaasee, haga dhuma mana isaatitti deebisee ijaare. \s1 Hayyoota Dalleya Ijaarte \p \v 22 Hayyooti adaala Yerusaalemii le'anu, dalleya itti aanu deebisanee ijaarane. \p \v 23 Beeniyaaminii fi Hashub mana ifiitiin dura ka itti aanu deebisanee ijaarane; ilmi Ma'aseya'aa Azaariyaan, akaakoon Anaaniiyaa'aa ka cinaa mana ifii deebisee ijaare. \p \v 24 Ilmi Henaadaadii Biinuyi dhuma mana Azaariya'aatii kaasee haga dalleenni dhaqee itti dabu, ka itti aanu deebisee ijaare. \p \v 25 Ilmi Uzaayii Phaalal addee dalleenni dhaqee itti dabuu fi xelleephoo eeddoo mana mootumma'aa ka gatiitti'ii biraa jalqabee, ka itti aanu deebisee ijaare; itti aansee ilmi Phaaroshii Phedaaya'aa \v 26 fi tajaajiltooti Galma Waaqaa worri gaara Ofeelii gubbaa le'u haga fuula dura karra, «Karra bisaanii» jedhantu, ta gara aduun baatuutii fi haga fuul dura xelleephoo eeddo'ootitti, ka itti aanu deebisanee ijaarane. \p \v 27 Worri Teqo'aatii xelleephoo eeddo'oo guddittii fuula duraa kaasee, haga dalleya Ofeelii, ka itti aanu deebisee ijaare. \p \v 28 Worri hayyootaa tokko tokkonuu mana ifii fuul duraan karra, «Karra fardaa» jedhantuun gara kaabaatiin, ka itti aanu deebisanee ijaarane. \p \v 29 Ilmi Iimerii Zaadoq mana ifii duraan deebisee ijaare; ilmi Shekaaniya'aa Shemaa'iyaan, ka karra gara aduun baatuu eegu, ka itti aanu deebisee ijaare. \p \v 30 Ilmi Shelemiiya'aa Hanaaniya'aa fi ilmi Zalfa'aa ka jayeesso'oo Hanuun, qooda ifii ka lammeesso'oo, ka itti aanu deebisanee ijaarane. Ilmi Berekiiya'aa Meshulaam mana ifii duraan, ka itti aanu deebisee ijaare. \p \v 31 Namichi worqii tumu Malkiiyaan haga mana tajaajiltoota Galma Waaqaatii fi mana daldaltootaa ka fuul dura karra, «Karra eeddo'oo» jedhantuu fi kutaa manaa ta addee dalleenni dhaqee itti dabuun gubba'aa, ka itti aanu deebisee ijaare. \p \v 32 Worri worqii tumuu fi daldaltooti, wodhakkaa kutaa manaa, ta addee dalleenni dhaqee itti dabuu fi karra hoole'ee jirtu deebisanee ijaarane. \c 4 \s1 Nahimiyaan Worra Hujii Isa moromu Injifate \p \v 1 Nuuti Yihudooti dalleya deebinnee ijaariisa akka jalqanne Sanbalaax yennaa dhage'e, aaree guddoo mufatee, nutti murge. \v 2 Inni jaalota ifiitii fi loltoota Samaariya'aa duratti, «Yihudooti dadhabooti tun maan hujiisatti jiran? Isaan dalleya deebisanee hin ijaaranii? Isaan ciincaa dhikeessaaranii? Isaan guyyuma tokkotti hujanee fixaaranii? Isaan dhakaa gubatee caccabee tuulame kanaan akkuma inni jirutti deebisanee ittiin ijaaruu hin dande'anii?» jedhe. \p \v 3 Xobiiyaan Amoontichi ka isa bira jiru, «Dalleya dhaka'aa ka isaan ijaariisatti jiranu san, jeedalti takka adoo irra baate caccassitee jissiisa dandeetti!» jedhe. \p \v 4 Ani Nahimiyaan, «Ee Waaqa keenna! Nuuti waan tuffatanneef nuu dhage'i; arraba isaanii matuma isaaniititti deebis; akka isaan saamamanuuf, biyya ormaatitti dabarsii isaan kenni. \v 5 Isaan nu worra ijaaru waan arrassaneef, yakkaa isaanii hin dhossin; cubbuu isaaniille fuula keeti duraa akka baddu hin godhin» jedhee daadimadhe. \p \v 6 Maarre kolbaan hujiisaaf dharraa waan qadduuf, nuuti dalleya deebinnee ijaarree, haga dheerinna dalleyaa geessisiisaaf wodhakkeessinee, dalleya mara wol geessinne. \p \v 7 Sanbalaaxii fi Xobiiyaan, worri Arabaatii fi worri Amoonii, worri Ashidoodiille akka nuuti dalleya Yerusaalemii deebinnee, akka dansaa ijaariisatti jirruu fi addee duwwaalle akka duuchine yennaa dhage'ane, isaan guddoo aaranee, \v 8 isaan martinuu gara Yerusaalemii dhufanee, loliisaa fi jeeqiisaaf wolitti qabamanee mala dhowane. \v 9 Nuuti ammoo gara Waaqa keennaa daadimannee, isaan ifi irraa dhooggatiisaaf eeddota halkanii fi guyyaa eeganu godhane. \p \v 10 Yoos kolbaan Yihuda'aa, «Nuuti ba'aa ba'atiisa waan dadhanneef, caccabaan woyiille guddoo waan bacateef, nuuti dalleya ijaariisa hin dandeennu» jedhane. \p \v 11 Diinoti keenna, «Adoo isaan hin beekin yookiin adoo isaan womaa hin dhaggin, nuuti dursinee isaanitti dhunnee isaan ijjeennee, hujii isaanii dhaabbachiinna» jedhane. \v 12 Yihudooti worri adaala diinota keennaa le'anu, diinoti keenna addee maraa dhufanee nu loliisaaf, mala nutti dhowane yennaa hedduu nutti himane. \v 13 Tanaaf ani namoota dalleya duubaan addee ijaarsi hin fixamin, shallaagaa, ebo'oo fi guubee qabachiisee, maatii maati'iin kushee qabachiise. \p \v 14 Ani akka kolbaan sodaatte dhaggee, kolba'aa fi sooreyyii isaaniitiin, qondaalotalle'een, «Diinota keessan hin sodaatina'a. Waaqi guddaan sodaatamaan, worra keessaniif, ijoollee teessaniif, haadhotii manaa teessaniif, maatii teessaniif akka isiniif lolu qaabadha'a» jedheen. \v 15 Diinoti keenna mala isaanii akka nuuti beenne dhage'anee, Waaqille yaada isaanii akka hongeesse yennaa hubatane, nuuti martinuu gara dalleya deebinnee ijaariisaa dachaane. \p \v 16 Guyyaa san irraa jalqabee, namoota kiyya keessaa gamisi isaanii hujii ijaarsaa hujane; gamisi isaaniille eboo, wontee, guube'ee fi meya lolaa hidhatanee eeddoo dhaabbatane. Sooreyyiin teennalle kolba'aaf qarqaarsa guutuu kennituun, \v 17 kolbaan dalleya deebittee ijaartiiyyu. Worri waan dalleya ittiin ijaaranu ba'atuuyyuu, harka tokkoon hujii hujaa, harka kaaniin meya woraanaa qabatanee diina ifi irraa dhooggatiisaaf qophowaneeraniiyyu. \v 18 Worri dalleya ijaaru marti yennaa dalleya ijaaru, shallaagaa ifii hidhatti hidhatee ijaaraayyu. Namichi tultullaa afuufu na biraa hin gorre. \v 19 Ani kolba'aan, sooreyyi'ii fi qondaaltota isaaniitiin, «Hujiin hujii guddo'oo fi badhoo waan teeteef, nuuti dalleya irra wol irraa faffagaanneerra. \v 20 Qoonqoo tultullaa yoo dhageettane, gara keenna birmadha'a\f + \fr 4:20 \fr*\fqa Birmadha'a: \fqa*\ft Yookiin \ft*\fqa nutti reeba'a yookiin gara keenna dacha'a'a\fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*. Waaqi keenna nu'uuf hin lola» jedheen. \v 21 Maarre guyyuma guyya'aan, dayya'a boru'uutii haga halkan urjiin bayutti namoota keenna keessaa gamisi dalleya ijaaraa, gamisi eboo qabatanee eegaaraniiyyu. \p \v 22 Anille yennaa san kolba'aan, «Halkan eegaa, guyyaa akka nuuf hujanu namooti martinuu tajaajiltoota ifii woliin qachaa Yerusaalemii keessa bulanuu ti» jedheen. \v 23 Maarre anille yookiin worri kiyyalle yookiin tajaajiltooti tiyyalle yookiin namooti eeddoo na gula deemanulle nami tokkolle woyaa teenna ifi irraa hin baafanne. Yennaa bisaan dhaquuyyuu nami tokkolle meya ifii ka woraanaa harka middicha irraa lafa hin keenne. \c 5 \s1 Nahimiyaan Hiyyeeyyii Qarqaare \p \v 1 Yennaa takka dhiiraa fi dubartiin Yihudootaa hedduun, Yihudoota sooreyyii ifii mormanee iyyatiisa jalqabane. \v 2 Isaan keessaa gariin, «Nuuti maatii hedduu qanna; akka nyaannee jiru'uun leenuuf, midhaan dhaggachuu nu barbaachisa» jedhane. \p \v 3 Worri dhibiin, «Bara beelaa midhaan dhaggatiisaaf, fichaa keenna, addee woynii teennaa, mana keennalle qassiinneerra» jedhane. \p \v 4 Worri dhibiille, «Fichaa keennaa fi addee woynii teennaatiif, gibira mootumma'aa kaffaliisaaf beesee liqeeffanneerra. \v 5 Nuuti akkuma Yihudoota kaanii Yihudoota; ijoolleen teennalle akkuma ijoollee isaanii ti; te'uu malee nuuti ijoollee teenna akka garboota te'anu gooneerra; ammumaayyuu ijoolleen teenna ta durraa gariin garboomaneeran; fichaa keennaa fi addeen woyni'ii teenna waan nu irraa fudhatamaneef, nuuti hunna dhanneerra» jedhane. \p \v 6 Ani yennaa iyyata isaanii kana dhage'e guddoo aare. \v 7 Guddisee itti yaadeen duuba, worra gugurda'aa fi qondaaltotaan, «Isin attam kolbaa teessan irraa dhala liqa'aa fudhattan!» jedhee aaladhe; isaan woliin dubbii tana ilaaliisaaf gumii guddoo waamee, \v 8 «Nuuti haga dandeennetti, worra keenna Yihudoota ka gosa dhibi'itti gurguramane wodiisatti jirra; amma ammoo isin worrummaan keessan garba te'anee akka isinitti gurguramanu hunnaan godhiisatti jirtan!» isaaniin jedhe. Isaan waan jedhanu dhabanee cadhisane. \p \v 9 Maarre ani, «Wonni isin hujiisatti jirtanu dansa'aa moti; akka worri diina keennaa nu hin qaanessine, isin Waaqa sodaatiisaan ideemiisa maltane. \v 10 Anii fi worri kiyya, tajaajiltooti tiyyalle beese'ee fi midhaan kolba'aaf liqeessineerra. Dhala liqa'aa fudhatiis hafuu ti. \v 11 Fichaa isaanii, addee woynii isaanii, oorruu muka ejersaa isaanii, mana isaaniille deebisa'aaf; akkasuma dhala beese'ee, dhala midhaanii, dhala woyni'iitii fi zayiti'ii ammuma lakkisa'aaf» jedheen. \p \v 12 Achiin duuba worri gugurda'aa fi qondaaltoti, «Nuuti waan mara hin deebinna; waan tokkolle deebinee isaan irraa hin barbaannu; akkuma ati jette hin goona» jedhane. \p Ani hayyoota waamee, sooreyyiin akkuma waadaa galane akka godhanu, akka kakachiisanu godhe. \v 13 Achiin duuba ani hiituu hidhaa hiikadhee, hargufee, «Maarre nama waan waadaa gale kana hin goone, manaa fi karra isaa irraa Waaqi isa hargufuu ti! Hargufamee duwwaa hafuu ti!» jedhe. Gumiin martinuu, «Ameen» jettee Mootii Waan Maraa galateeffatte. Worri gugurda'aa fi qondaaltoti akkuma jedhane godhane. \s1 Arjummaa Nahimiya'aa \p \v 14 Artashaastaan woggaa diddameessoo isaatitti mootii te'ee, haga woggaa soddomii lammeessoo isaatitti, ani biyya Yihuda'aa bulchiisaaf filamee woggaa kudha lama bulche keessatti, anii fi worri kiyya sagalee bulchaa tokkoof malte hin nyaanne. \v 15 Bulchitooti anaan dura biyya bulchaa turane, ba'aa ulfaattuu kolba'atti fe'anee, sagale'ee fi daadhii woyni'ii irratti dabalanee, meetii sheeqelii afurtama fudhataa turane. Tajaajiltooti isaaniituu kolbaa irratti goottomanee turane. Ani ammoo Waaqa waan sodaadhuuf, akkas hin goone. \v 16 Ani hujii dalleya kanaatiif ifi kenne malee, lafalle hin bitanne; tajaajiltooti tiyya ta huji'iif wolitti qabantelle akkasuma tolchite. \v 17 Gosa biyya adda addaa worra adaala keennaa gara keenna dhufane irratti dabalamanee, Yihudootaa fi qondaaltoti namoota dhibbaa fi shantamatti qorii tiyyatti nyaataa ture. \v 18 Guyyuma guyya'atti sangaa tokkoo fi hoolota cocooma jaa, lukkuu hedduu, guyyaa kudhan kudhanitti daadhii woyni'ii ta gosa adda addaatitti\f + \fr 5:18 \fr*\fqa Daadhii woyni'ii ta gosa adda addaa: \fqa*\ft jechuun tun daadhii woyni'ii o'ituu yookiin ta turte daadhii godduu akka qopheessane ilaalaa.\ft*\f* qophowaayyu. Te'uu malee, ba'aan ulfaattuun kolbaa irra waan jirtuuf, sagalee bulchaa tokkoof malte ani hin gaafanne. \v 19 Ee Waaqa kiyya, waan ani kolbaa tanaaf godhe mara qaabadhuutii, naaf arjoom. \c 6 \s1 Nahimiya'atti Mala Dhowane \p \v 1 Karra dalleyaatitti cufanaa godhuu dhabulle, addeen duwwaan adoo hin hafin dalleya deebisee akka ani ijaare Sanbalaax, Xobiiya'aa fi Geshemiin Arabichi, diinoti keenna worri kuunille yennaa dhage'ane, \v 2 Sanbalaaxii fi Geshem nama natti erganee, «Koyiitii olloota diida Onoo jedhamutti dhaggamu keessaa tokkochatti wol dhagginaa» jedhane. Isaan ammoo na miidhiisaaf yaadatane. \v 3 Maarre anille ergantoota isaanitti ergee, «Ani hujii guddoo waan hujiisatti jiruuf, gad dhufuu hin dande'u; haga ani dhiisee gara keessan gad dhufutti, hujiin maaf dhaabbatti ree?» jedheen. \p \v 4 Isaan yennaa afur erguma tana natti ergane; anille deebuma tana isaaniif deebise. \p \v 5 Sanbalaax tajaajiltoota ifii keessaa tokkotti xalayaa banaa chaappaa hin qanne kennee, erguma durii san itti himee, yennaa shaneesso'oo gara kiyya erge. \v 6 Wonni xalayaa san keessatti barreeffameeru, «Atii fi Yihudooti mootummaa irratti ka'iisaaf yaaddanee dalleya deebittanee ijaariisatti akka jirtanu, gosa kolbaa adaala kana jirtu oddu'utti odeeffameera; dubbiin tun dhugaa te'uu isi'ii Geshem natti himeera; akka odeeffama kanaatitti ati mootii isaanii te'iisaaf halchita. \v 7 Ati mootii Yihudootaa akka teete Yerusaalem keessatti raagota si'iif lassanu kaafatteerta; maarre dubbiin tun mooticha bira waan geettuuf, anii fi ati woliin mari'annaa koy!» jedha. \p \v 8 Ani ammoo, «Dubbiin tun waan ati ifi keessaa fuutee dubbatte; wonni ati jettu tokkolle dhuga'aa moti» jedhee isaaf deebise. \p \v 9 Isaan, nu'uun, «Harki isaanii irraa bu'ee hujii dadhaban; hujiille adoo hin fixamin hafu'uu jirti» jedhanee yaadaa, marti isaanii nu sodaachisuu barbaadane; ani ammoo, «Ee, Waaqa hunna na jabeessi!» jedhee daadimadhe. \p \v 10 Gaafa tokko ani gara mana Shemaa'iyaa ilma Dalaa'iyaa akaakoo Mahexaabelii ka manni itti cufameeruu dhaqe; innille, «Namooti halkaniin si ijjeesiisaaf waan dhufaaranuuf, anii fi ati dhandhee Galma Waaqaa keessatti, balbala cufannee dhokannuu ti» naan jedhe. \p \v 11 Ani ammoo, «Ani nama baqatee dhokatuu? Yookiin nami akka kiyyaa jiruu ifii fayyifatiisaaf Galma Waaqaa keessatti hin dhokataa? Ani Galma Waaqaa keessatti hin dhokadhu!» jedhe. \p \v 12 Sanbalaaxii fi Xobiiya'atti, namichi kun akka na irratti raaga dubbattuuf beese'een bitane malee, Waaqi akka isa hin ergin hubadhe. \v 13 Ani sodaadhee waan kana godhiisaan cubbuu akka hujuuf, maqaa badaa ittiin na fokkisiisanu akka ani qabaadhuuf inni natti bitame. \p \v 14 Anille, «Ee, Waaqa kiyya, Xobiiya'aa fi Sanbalaax fa'a akkasuma No'aadiiyaa raagittii, raagota worra dhibii ka na sodaachisane akka hujii isaaniititti ilaali!» jedhee daadimadhe. \s1 Ijaarsi Dalleyaa Fixame \p \v 15 Ijaarsi dalleyaa guyyaa shantamii lama keessatti ji'a Elul jedhamu keessa gaafa guyyaa diddamii shanii fixame. \v 16 Diinoti keenna gosi adda addaa ta adaala keennaa marti waan kana yennaa dhage'ane, hujiin tun qarqaarsa Waaqaatiin akka hujante hubatanee, qaanowanee sodaatane. \p \v 17 Yennaa san qondaallan biyya Yihuda'aa xalayaa hedduu gara Xobiiya'aa erganee, Xobiiyaalle deebii isaanii deebise. \v 18 Sababille Xobiiyaan intala Shekaaniyaa ilma Araa waan fuudheeruuf, akkasuma ilmi isaa Yehohaanaan intala Meshulaamii ilma Berekiiyaa waan fuudheeruuf, Yihudoota keessaa namooti hedduun isaaf kakataneeran. \v 19 Itti dabalaneelle hujii isaa dansaa natti himaa, waan ani dubbadhulle isatti himaa turane; Xobiiyaalle na sodaachisiisaaf xalayaa natti ergaa ture. \c 7 \p \v 1 Dalleenni deebi'ee ijaaramee, cufanaan itti keyameen duuba, worra karra eeguuf, worra faarfatuu fi worra Lewwootaatiif hujiin isaanii kennanteef. \v 2 Anille qachaa Yerusaalemii akka bulchanuuf, namoota lama file; isaanille obboleessa kiyya Haanaanii fi Hanaaniya'a; Hanaaniyaan nama itti gaafatamaa kushe'ee\f + \fr 7:2 \fr*\fqa Itti gaafatamaa kushe'ee: \fqa*\ft Itti gaafatamummaan isaa tun ta eegiisa dalleya mana mootumma'aa ti.\ft*\f*, nama addatama'aa fi nama namoota hedduu caalaa Waaqa sodaatu. \v 3 Anille, «Barii haga aduun o'itutti karri Yerusaalemii akka hin bananne, galgala worri karra eegu adoo hin galin dura karra cufee akka danqaru, akkasuma Worra Yerusaalem keessa le'u keessaa eeddota filanee, gariin addee eegamuu malte akka eeganu, gariin adaaluma mana ifii akka eeganu fila'a» jedhee isaan ajaje. \s1 Laakkossa Worra Booji'amee Deebi'ee \r (Izr. 2:1-70) \p \v 4 Qachaan Yerusaalemii badhaa gudda'a; kolbaan qachaa san keessa leetu ammoo diqqo'o; manni hedduulle itti ijaaramee hin jiru. \v 5 Waaqi akka ani qondaaltotaa fi bulchitoota, kolbaalle wolitti qabee akka hidda dhaloota isaaniititti galmeessu na kakkaase; ani galmee hiddi dhaloota worra qara booji'amee deebi'ee irra jiru dhagge; ani barreeffama asiin gad jiru keessatti dhagge: \p \v 6 Worra Nebukadnezaar mootiin Baabilonii booji'eeruun, gara Yerusaalemii fi Yihuda'aa deebi'anee, tokko tokkoon isaaniituu gara qachaa ifii galane, \v 7 sooreyyiin isaanii Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raa'amiiyaa, Nahamaani, Mordekaayi, Biilshaan, Miispheret, Biigwaayi, Nehumii fi Ba'anaah. \p \v 8 Sanyiin Faaroshii kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama; \v 9 sanyiin Shefaaxiya'aa dhibba sadii fi torbaatamii lama; \v 10 sanyiin Ara'aa dhibba jaa fi shantamii lama; \v 11 sanyiin Iyaasu'uutii fi sanyii Yo'aabii ka te'e, sanyiin Fahat-Mo'aabii kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudhanii saddeeti; \v 12 sanyiin Elaamii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur; \v 13 sanyiin Zaatu'uu dhibba saddeetii fi afurtamii shan; \v 14 sanyiin Zakaayii dhibba torbaa fi jaatama; \v 15 sanyiin Binu'uu dhibba jaa fi afurtamii saddeeti; \v 16 sanyiin Bebaayii dhibba jaa fi diddamii saddeeti; \v 17 sanyiin Azigaadii kuma lamaa fi dhibba sadii fi diddamii lama; \v 18 sanyiin Adoniiqaamii dhibba jaa fi jaatamii torba; \v 19 sanyiin Biigwaayii kuma lamaa fi jaatamii torba; \v 20 sanyiin Aadiinii dhibba jaa fi shantamii shan; \v 21 gosi Ateerii, sanyiin Hisqiyaasii sagaltamii saddeeti; \v 22 sanyiin Hashumii dhibba sadii fi diddamii saddeeti; \v 23 sanyiin Bezaayii dhibba sadii fi diddamii afur; \v 24 sanyiin Haarifii dhibba tokkoo fi kudhanii lama; \v 25 sanyiin Giibe'onii sagaltamii shan. \p \v 26 Kolbaan Betlihemiitii fi Netofa'aa dhibba tokkoo fi saddeettamii saddeeti; \v 27 kolbaan Anaatotii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti; \v 28 kolbaan Beti-Azimaawetii afurtamii lama; \v 29 kolbaan Kiriiyat-Ya'ariimii, kolbaan Kefiira'aatii fi Berootii dhibba torbaa fi afurtamii sad; \v 30 kolbaan Raama'aatii fi Geba'aa dhibba jaa fi diddamii tokko; \v 31 kolbaan Miikmaashii dhibba tokkoo fi diddamii lama; \v 32 kolbaan Bet'elii fi Aayii dhibba tokkoo fi diddamii sad; \v 33 kolbaan Neboo dhibi'ii\f + \fr 7:33 \fr*\fqa Dhibi'ii: \fqa*\ft Yookiin lammeesso'oo.\ft*\f* shantamii lama; \v 34 sanyiin Elaamii dhibi'ii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur; \v 35 sanyiin Haariimii dhibba sadii fi diddama; \v 36 sanyiin Yeriko'oo dhibba sadii fi afurtamii shan; \v 37 sanyiin Lodii, sanyiin Haadiidiitii fi sanyiin Onoo dhibba torbaa fi diddamii tokko; \v 38 sanyiin Senaa kuma sadii fi dhibba sagalii fi soddoma; \p \v 39 Hayyooti: Sanyii Yedaa'iya'aa keessaa sanyiin Iyaasu'uu dhibba sagalii fi torbaatamii sad; \v 40 sanyiin Iimerii kuma tokkoo fi shantamii lama; \v 41 sanyiin Faashihurii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba; \v 42 sanyiin Haariimii kuma tokkoo fi kudhanii torba. \p \v 43 Lewwooti: sanyiin Iyaasu'uu, maatiin Qadmii'eliitii fi Hodaawiya'aa torbaatamii afur; \v 44 faarfattoota keessaa: sanyiin Asaafii, dhibbaa fi afurtamii saddeeti; \v 45 Worra karra eegu keessaa: sanyiin Shaalumii, sanyiin Ateerii, sanyiin Xalmoonii, sanyiin Aquubii, sanyiin Haxiixa'aatii fi Shobaayii dhibba tokkoo fi soddomii saddeeti. \p \v 46 Worri tajaajiltoota Galma Waaqaa: sanyii Ziihaa, sanyii Hasufa'aa, sanyii Xabaa'otii, \v 47 sanyii Qerosii, sanyii Sii'aa, sanyii Faadonii, \v 48 sanyii Lebaana'aa, sanyii Hagaaba'aa, sanyii Shalmaayii, \v 49 sanyii Haanaanii, sanyii Giidelii, sanyii Gahaarii, \v 50 sanyii Re'aaya'aa, sanyii Resiinii, sanyii Neqoda'aa \v 51 sanyii Gaazaamii, sanyii Uza'aa, sanyii Faaseha'aa, \v 52 sanyii Besaayii, sanyii Me'uniimii, sanyii Nefushesiimii, \v 53 sanyii Baqbuqii, sanyii Haqufa'aa, sanyii Harhurii, \v 54 sanyii Baazliitii, sanyii Mehiida'aa, sanyii Haarsha'aa, \v 55 sanyii Baarqosii, sanyii Siisera'aa, sanyii Tama'aa, \v 56 sanyii Nesiiya'aatii fi sanyii Haxiifa'aa ti. \p \v 57 Sanyii tajaajiltoota Solomoonii keessaa: sanyii Soxaayii, sanyii Soferetii, sanyii Firiida'aa, \v 58 sanyii Ya'ala'aa, sanyii Daarqonii, sanyii Giidelii, \v 59 sanyii Shefaaxiya'aa, sanyii Haxiilii, sanyii Fokeret-Hasbaayimiitii fi sanyii Amoonii ti. \p \v 60 Sanyiin tajaajiltoota Galma Waaqaa martii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii wolumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama. \p \v 61 Worri qachaa Tel-Melaatii irraa, qachaa Tel-haareshaatii irraa, qachaa Keruubii irraa, qachaa Adoniitii fi qachaa Iimerii irraa deebi'anee dhufane ammoo sanyii isaanii yookiin abuubota isaanii Israa'el akka te'ane mirkaneessiisa hin dandeenne. \v 62 Isaanille sanyii Delaaya'aa, sanyii Xobiiya'aatii fi sanyii Neqoda'aa ti; laakkossi isaanii dhibba jaa fi afurtamii lama. \p \v 63 Ammalle, hayyoota keessaa: sanyiin Habaaya'aa, sanyiin Haqoziitii fi Baarzilaayii ka intala Baarzilaayii Giilaadichaa fuudhee maqaa kanaan waamamane; \v 64 worra akka hidda dhaloota isaaniititti barreeffame keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef, isaan akka qulqullummaa hin qannetti laakkowamanee, hujii hayyumma'aa keessaa baasane; \v 65 Bulchaan Yihudootaa, «Haga hayyuun Uriimii fi Tumiimiin\f + \fr 7:65 \fr*\fqa Uriimii fi Tumiim: \fqa*\ft Waan hayyichi fedhii Waaqaa murteessiisaaf itti fayyadamu.\ft*\f* tajaajilu dhaggamutti sagalee woyyittii\f + \fr 7:65 \fr*\fqa Sagalee woyyittii: \fqa*\ft Ta Waaqaaf kennante jechu'u.\ft*\f* hin nyaatina'a» jedhee isaanitti hime. \p \v 66 Laakkossi worra booji'amee deebi'ee wolumatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama. \v 67 Kana biratti laakkossi tajaajiltoota isaanii dhiiraa fi dubartiin kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; isaan faarfattootalle dhiiraa fi dubartii dhibba lamaa fi afurtamii shan qaban. \v 68 Fardooleen isaanii dhibba torbaa fi soddomii jaa; gaangoleen isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan; \v 69 Gaalota dhibba afurii fi soddomii shanii fi harreelee kuma jaa fi dhibba torbaa fi diddama qaban. \p \v 70 Dura aantoti firaa gariin hujii tanaaf kennansa kennane. Bulchaan biyyaa worqii gara kiiloo saddeetii, qorii boboollittii shantama, woyaa hayyootaa dhibba shanii fi soddoma kenne. \v 71 Dura aantoti firaa gariin worqii gara kiiloo dhibbaa fi jaatamii saddeetiitii fi meetii gara kiiloo kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamaa Galma Waaqaa deebisanee ijaariisaaf kennane. \v 72 Kolbaan worri hafane wolumatti worqii gara kiiloo dhibbaa fi jaatamii saddeetii, meetii gara kiiloo kuma tokkoo fi dhibba tokkootii fi woyaa hayyootaa jaatamii torba kennane. \p \v 73 Maarre Hayyooti, worri Lewwootaa, eeddoti karraa, faarfattooti, kolbaan worri kuunille, tajaajiltooti Galma Waaqaa, Israa'elooti martinuu qachaa ifii keessa qubatane. \c 8 \s1 Izraan Seera Waaqaa Kolba'aaf Dubbise \p \v 1 Kolbaan Israa'elii martinuu ji'a torbeesso'oo qachoota ifiititti qubatte; ji'a san guyyaa qaraa kolbaan duudiin Yerusaalemitti karra «Karra bisaanii» jedhamu fuula duratti gara keessaatitti tokkumma'aan wolitti qabante; isaanille Izraa barreessaa kitaabaa, «Kitaaba Seera Muuse'ee ka Waaqi kolbaa Israa'eliitiif kenne fidi!» jedhanee gaafatane. \v 2 Ji'a torbeesso'oo, guyyaa qaraa Izraan hayyichi nami hubatuu dande'u duudiin: dhiirti, dubartiin, diqqa'aa fi guddaan addee wolitti qabamaneeranutti Kitaaba Seeraa fide. \v 3 Inni gara gumii karra bisaanii fuula dura jirtuu garagalee, dhiiraa fi dubartii, akkasuma worra wo hubatuu dande'u duratti ganamaa haga orra'aa, qoonqoo guddo'oon dubbise; kolbaan duudiin Kitaaba Seeraa san akka dansaa dhageette. \p \v 4 Izraan barreessaan kitaabaa waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta mukaa, guyyaa haajaa akkasii kanaaf irra dhaabbatiisaaf hujante irra dhaabbate; gara harka isaa middaatiin Matiitiyaan, Shemaan, Anaayaan, Uriiyaan, Hilqiiyaanii fi Ma'aseyaan, gara harka isaa bita'aatille'een Phedaayaan, Miishaa'el, Malkiiyaan, Hashum, Haashabadaanaan, Zakaariyaasii fi Meshulaam isa cinaa dhaabbataneeran. \p \v 5 Izraan addee ol kaate irra waan dhaabbateeruuf, kolbaan duudiin gara isaa ilaaliisatti jirtiiyyu; akkuma inni Kitaaba san baneen, isaan martinuu ka'anee dhaabbatane. \v 6 Izraalle Mootii Waan Maraa Waaqa guddicha leellise; kolbaan duudiin harka ifii ol qabattee «Ameen, ameen!» jette; achiin duuba adda ifiille'een lafatti gad jiddee Mootii Waan Maraatiif sagadde. \p \v 7 Achiin duuba isaan martinuu ka'anee, adduma jiranutti dhaabbatane; worri Lewwootaalle, Iyaasuun, Baaniin, Sherebiiyaan, Yaamiin, Aquub, Shaabetaay, Hodiiyaan, Ma'aseyaan, Qeliixaan, Azaariyaan, Yozaabaad, Haannaanii fi Phelaayaan Kitaaba Seeraa san kolbaa hubachiisane. \v 8 Isaanille Kitaaba Seera Waaqaa san kolba'aaf dubbisanee, akka wonni dubbifamu kolba'aaf galu hiikanee issane. \p \v 9 Kolbaan duudiin waan Seerri jedhu yennaa dhageette waan bootteef, Nahimiyaan bulchaan biyyaa, Izraan hayyichi barsiisaan kitaaba seeraatii fi Lewwooti worri seera hiikanee kolbaa barsiisane, «Guyyaan kun Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyicha waan te'eef, isin hin gaddina'a, hin bowna'a!» jedhanee isaan duudi'itti himane. \v 10 Nahimiyaan, «Dhaqa'aatii sagalee filante nyaadha'a; untoo mi'oottuulle una'a! Worra hin qannelle'eef irraa qooda'a! Guyyaan kun guyyaa Mootii Waan Maraa keennaaf woyyoomeeru; gammadi Mootii Waan Maraa isiniif kennu jabeenna keessan waan te'eef, hin gaddina'a!» jedhe. \p \v 11 Worri Lewwootaalle kolbaa duudi'iin, «Guyyaan kun woyyicha waan te'eef, cadhisa'a; hin gaddina'a!» jedhanee cadhisiisane. \v 12 Kolbaan duudiin jechoota isaaniif dubbifame waan hubataneef, nyaatiisaa fi uniisaaf, waan qabanu irralle'ee worra dhibi'iif qoodiisaaf, gammadiisaafille gara mana mana ifii galane. \s1 Jila Gose'ee Jilifatane \p \v 13 Guyyaa lammeesso'oo worri sooreyyii firaa duudiin hayyootaa fi Lewwoota woliin jechoota Seera sanii baratiisaaf, Izraa barsiisaa Seera Kitaabaa biratti wolitti qabamane. \v 14 Isaanille ajaja Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kenne keessatti, «Ji'a torbeesso'oo keessa yennaa jila gose'ee jilifatanu, kolbaan Israa'elii gosee keessa teetuu ti!» jedhu, Seera keessatti bareeffameeruun dhaggane. \v 15 Maarre isaan, «Akkuma barreeffametti gosee ijaariisaaf gaaratti ol baya'aatii, dameelee ejersa zayiti'iitii fi ejersa badda'aa, dameelee muka dakkaraa, meexxi'ii fi dameelee muka baala-qabeeyyi'ii fida'a!» jedhanee, qachoota isaanii duudi'ii fi Yerusaalem keessatti lassane. \p \v 16 Tanaaf kolbaan baatee dameelee mukaa fiddee, tokko tokkoon isaanii heellichoo mana ifii irratti\f + \fr 8:16 \fr*\fqa Heellichoo mana ifii irratti: \fqa*\ft Heellichoon mana Israa'elootaa diriirtuu waan teeteef, isii irratti midhaan afachuu, gosee dhibii irratti ijaaranee keessatti waaqonfatuu yookiin yennaa bonaa keessa rafuu dande'an.\ft*\f*, dalleya mana ifiitii fi dalleya Galma Waaqaa keessatti, badhinna karra bisaanii jedhamutti, badhinna karra Efreemii duralle'etti gosee ijaarane. \v 17 Namooti biyya itti booji'amanee deebi'ane duudiin gosee ijaarratanee keessa tee'ane; eegii bara Iyaasuu ilma Nuniitii haga guyyaa saniititti kolbaan Israa'elii akkas gammaddee hin beettu; gammadi itti dhage'amelle akka malee gudda'a. \v 18 Izraan guyyaa duraatii jalqabee haga guyyaa muummeffata jilaatitti, guyyuma guyya'aan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise; isaan jila san haga guyyaa torbaa jilifatane; akkuma Seerri ajajutti guyyaa saddeetesso'oo aadaan muummeffata jilaa godhame. \c 9 \s1 Israa'elooti Cubbuu Ifii Faaci'atane \p \v 1 Ji'uma san gaafa guyyaa diddamii arfeesso'oo Israa'elooti marroo cubbu'uutiif akka gaddane mudhisiisaaf woyaa gaddaa uffatanee, bukuu mataa ifii irratti firfifatanee, laamiisaaf wolitti qabamane. \v 2 Worri sanyii Israa'elii te'ane martinuu worra ormaa irraa gargar bayanee dhaabbatanee, cubbuu ifii hujanee fi abbootiin isaanii hujje duudii dhugaa-baasane. \v 3 Adduma dhaabbatanetti saatii sadiif kitaaba Seera Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaanii, isaaniif dubbifame; akkasuma saatii sadiif cubbuu ifii dhugaa-baasaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif sagadane. \p \v 4 Iyaasuun, Baani, Qadmii'el, Shebaniyaan, Buni, Sherebiiyaan, Baanii fi Kenaan fa'a, yaabbannoo worri Lewwootaa irra bayanu irra dhaabbatanee, qoonqoo guddo'oon gara Mootii Waan Maraa Waaqa ifii daadimatane. \p \v 5 Lewwooti worri Iyaasuu, Qadmii'el, Baani, Hashabniiyaa, Sherebiiyaa, Hodiiyaa, Shebaniyaa fi Fitaahiyaa jedhamanu, \q1 «Ka'a'aatii Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa keessan ka bara baraa \q2 leellifadha'a! \q1 ‹Maqaan keeti ulfaataan, \q2 ka galataa fi eebba duudii irra ol aanu \q2 leellifamuu ti!› jedha'a!» jedhane. \s1 Daadimata Faaci'atiisaa \p \v 6 Achiin duuba kolbaan Israa'elii, \q1 «Ee Mootii Waan Maraa! \q2 Mootiin Waan Maraa si qofa. \q1 Ol-gubbaa, \q2 ol-gubbaa ol-gubbootaalle \q2 dada isaan keessaa\f + \fr 9:6 \fr*\fqa Dada isaan keessaa: \fqa*\ft Urjoota bannacha isaan keessaa ti.\ft*\f* woliin, \q2 lafaa fi waan isii irra jiru duudii, \q2 abbaaya'aa fi \q2 waan isii keessa jiru duudii sittuu dade. \q1 Ati isaan duudi'iifuu jiruu kennite; \q2 dadi ol-gubba'aa\f + \fr 9:6 \fr*\fqa Dadi ol-gubba'aa: \fqa*\ft Urjooti bannachi ol-gubba'aa jechuu isaanii ti.\ft*\f* si'iif sagaddi. \b \q1 \v 7 «Ati Mootii Waan Maraa Waaqa Abraam filattee, \q2 biyya Kaldootaa Ur keessaa baattee, \q2 maqaa isaa ‹Abrahaam› jettee moggaatte. \q1 \v 8 Akkasuma inni si'iif addatamaa akka te'e dhaggitee, \q2 biyya kana'aanotaa, \q2 biyya Heetotaa, \q2 biyya Amoorotaa, \q2 biyya Pheriizotaa, \q2 biyya Yibusootaatii fi Girgaashotaa \q2 isaa fi sanyii isaatiif kenniisaaf waadaa galte. \q1 Ati qajeelaa waan teeteef, \q2 waadaa galte isaaf muummessite. \b \q1 \v 9 «Biyya Gibxi'iititti \q2 rakkinna abbootii teenna dhaqqabe dhaggitee, \q2 abbaayaa diintuu birattille iyya isaanii dhageettee, \q2 \v 10 mootiin Gibxi'ii, \q2 qondaaltoti isaatii fi kolbaan lafa isaa irra leetu \q2 attam akka kolbaa teeti hucuucane waan beetteef, \q2 baasaa fi bilbaasa hujjee itti mudhitte. \q1 Tana waan gooteef, \q2 gurri keeti haga adhaa ol ka'eera. \q1 \v 11 Abbaayaa fuula isaanii duratti gargar qooddee, \q2 lafa godduu irra akka dabaranu goote. \q1 Akka dhakaa abbaayaa qile'etti qolaanfamuu, \q2 worra isaan ari'aa turelle qile'etti qolaansite. \q1 \v 12 Kolbaa teeti ammoo, \q2 guyyaa utubaa duumensaatiin, \q2 halkanille karaa isaan irra deemanu akka isaaniif issuuf, \q2 utubaa ibiddaatiin sooressite. \b \q1 \v 13 «Ati ol-gubbaa irraa gara gaara Siina'aa gad buutee, \q2 isaanitti dubbattee, \q2 seera qajeela'aa fi muraa dhuga'aa, \q2 sirnaa fi ajaja dansaa isaaniif kennite. \q1 \v 14 Sanbata keeti woyyichalle akka beekanu gootee, \q2 karaa garbicha keeti Muuse'eetiin, \q2 ajaja, sirnaa fi seera keeti isaaniif kennite. \q1 \v 15 Yennaa beelayanelle ol-gubbaa irraa sagalee isaaniif kennitee, \q2 yennaa dheebotanelle rassaa keessaa bisaan isaaniif burqisiitte. \q1 Biyya isaanii kenniisaaf waadaa galtetti \q2 akka galanuuf isaan ajajje. \b \q1 \v 16 «Abbootiin teenna ammoo koortee, mataa jabaattee, \q2 ajaja keetiif ajajamuu didde. \q1 \v 17 Isaan ammoo ajajamuu didanee, \q2 bilbaasa ati isaan oddu'utti hujjelle dedhane. \q1 Mataa jabaatanee gara garbummaa ifii \q2 Gibxi'iititti deebi'iisaaf nama isaan sooressu filatane. \q1 Ati ammoo Waaqa jaalala bara baraatiin guutanteertu, \q2 ka mufi'iif hin ariifanne, \q2 ka araarantu, arja'aa fi mararaa waan teeteef \q2 isaan hin lakkinne. \q1 \v 18 Isaan fakkii jabbi'ii ifiif hujanee, \q2 ‹Mootiin Waan Maraa \q2 ka biyya Gibxi'ii keessaa nu baase kana› jedhanee, \q2 isaan guddoo si faanshessane. \b \q1 \v 19 «Marartiin teeti guddoo waan teeteef, \q2 ati ammoo goomolee keessatti \q2 isaan hin lakkinne. \q1 Utubaan duumensaa guyyaa, \q2 utubaan ibiddaa ammoo \q2 halkan isaan sooresse. \q1 \v 20 Akka isaan barsiisuuf, \q2 Ayyaana keeti isaanii kennite. \q1 Mannaa isaan nyaatanuu fi \q2 bisaan unanu isaanii kennite. \q1 \v 21 Ati lafa goomole'ee keessatti \q2 woggaa afurtama isaan qarqaarte. \q1 Isaan womaa hin dhanne, \q2 woyaan isaanii hin dulloonne, \q2 miilli isaaniille hin iitonne. \b \q1 \v 22 «Ati mootummootaa fi \q2 gosa biyya adda addaa Israa'eliif kennitee, \q2 isaanille biyya sihoonii mootii Heshibooniitii fi \q2 Oogii mootii Baashaanii qabatane. \q1 \v 23 Ati ijoollee isaanii \q2 akka urjoota ol-gubba'aa baceessitee, \q2 gara biyyaa abbootiin isaanii itti galanee \q2 akka qubatanu waadaa galteetitti isaan galchite. \q1 \v 24 Ijoolleen isaaniille lafa Kana'aanii injifatanee qabatane; \q2 ati kolbaa achi keessa leetu \q2 mootota isaaniitii fi worra biyya sanii woliin \q2 akka fedhane akka isaan godhanuuf, \q2 harka isaanii keessa galchite. \q1 \v 25 Isaan qachoota gugurdaa \q2 ka dalleya dhaka'aa qabuu fi lafa laattuu, \q2 mana meya dadansa'aan guutamane, \q2 boolla bisaanii ta qotanteertu, \q2 addee woyni'iitii fi muka ejersaa, \q2 akkasuma mukoota midhaanii hedduu qabatane. \q1 Maarre isaan nyaatanee quufanee gabbatanee, \q2 waan dadansaa guddoo ati isaanii kennitetti gammadane. \b \q1 \v 26 «Duubarra ammoo ajajama didanee, \q2 si finqilanee, Seera keeti irra duubatti deebi'ane. \q1 Raagota teeti worra akka isaan gara keeti deebi'anu isaan xixe ijjeesanee, \q2 kana godhiisaan guddoo si faanshessane. \q1 \v 27 Tanaaf harka diinota isaanii, \q2 worra isaan rakkisetti dabarsitee isaan kennitee, \q2 isaan yennaa rakkatane sitti iyyane; \q2 ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhageettee, \q2 marartii teeti guddo'oon, \q2 harka diinota isaanii keessaa worra isaan baasu \q2 sooreyyii isaaniif kennite. \b \q1 \v 28 «Isaan foora dhaggataneen duuba ammoo, \q2 deebi'anee si duratti hantuu hujanee, \q2 atille harka diinota ol aantumma'aan bulchutti \q2 isaan lakkitte. \q1 Te'uu malee yennaa isaan deebi'anee sitti iyyane, \q2 ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhageettee, \q2 marartii teeti guddo'oon, \q2 yennaa hedduu isaan baache. \b \q1 \v 29 «Gara Seera keetii akka deebi'anuuf, \q2 ati isaan gorsiteerta. \q1 Isaan kooranee seera keeti didane; \q2 waan si duratti sirrii te'e \q2 ka nami eegatee ittiin le'u irratti ka'anee \q2 cubbuu hujane. \q1 Mataa jabaatanee dudda sitti galanee \q2 morma jabeeffatanee, \q2 dhage'iisa didane. \q1 \v 30 Ati bara hedduu isaaniif ossattee, \q2 karaa raagota teetiitiin \q2 Ayyaana keetiitiin isaan gorsite; \q2 te'uu malee isaan si hin dhageenne. \q1 Tanaaf ati kolbaa ollaa isaaniititti \q2 dabarsitee isaan kennite. \q1 \v 31 Ammalle ati \q2 Waaqa marartii guddoo qabu waan teeteef, \q2 isaan hin ganne yookiin \q2 hin balleessine. \q1 Ati Waaqa marara'a; \q2 arjaalle'e. \b \q1 \v 32 «Tanaaf amma, Waaqa keenna, \q2 ati gudda'a! \q2 Ati attam hunnaamessaa fi sodaatama'a! \q1 Ati Gondooro'oo fi jaalala keeti \q2 ka bara baraa ka eeddu! \q2 Rakkinna bara mootota Asooriitii jalqabee \q2 haga adhaalle nu irra, mootota teenna irra, \q2 qondaaltota teenna irra, \q2 hayyoota teenna irra, \q2 raagota teenna irra, \q2 abbootii teennaa fi \q2 kolbaa teeti mara irra geye qaabadhu! \q1 \v 33 Waan nu irra geye maraaf \q2 ati dhugaa qadda; \q2 nuuti yakkaameyyii teenulle, \q2 ati addatama'a. \q1 \v 34 Moototi teenna, \q2 qondaaltoti teenna, \q2 hayyooti teennaa fi \q2 abbootiin teenna \q2 Seera keeti hin eeganne. \q1 Yookiin ajaja keetii fi \q2 gorsa keeti hin qalbeeffanne. \q1 \v 35 Isaan mootummaa ifii keessatti, \q2 lafa badho'oo fi laattuu \q2 ati isaaniif kennite keessa, \q2 yennaa turaneeyyuu siif hin tajaajille; \q2 cubbuu ifii irraa hin deebine. \b \q1 \v 36 «Kunoo, nuuti adha \q2 lafa abbootiin teenna midhaan isi'iitii fi \q2 waan dansaa isiin baachu akka nyaatanuuf, \q2 ati isaaniif kennite keessatti garboota teene. \q1 \v 37 Sababa cubbuu teennaatiif, \q2 wonni hedduun latti kennitu, \q2 mootota worra ati nu irratti mootonsiteef galti; \q1 Isaan nu'uu fi horii keenna irratti \q2 akka jaalatane godhan. \q2 Nuuti rakkinna guddaa keessa jirra. \s1 Kolbaan Wolii Galtee Mallatteessite \p \v 38 «Sababa waan te'e san maraa, nuuti barreeffamaan wolii galtee tokko goona; qondaaltoti teenna, Lewwooti teennaa fi hayyooti teenna chaappaa itti godhan» jedhane. \c 10 \p \v 1 Worri wolii galtee mallatteesse kanatti aananee jiran; \q1 Nahimiyaa ilma Hakaaliya'aa ka biyya bulchu, Xidiiqiiyaa, \q1 \v 2 Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas, \q1 \v 3 Phashihur, Amaariyaa, Malkiiyaa, \q1 \v 4 Haxushi, Shebaniyaa, Maluuk, \q1 \v 5 Hariim, Meremoot, Obaadiyaa, \q1 \v 6 Daani'el, Ginetoon, Baaruk, \q1 \v 7 Meshulaam, Abiiyaa, Miyaamin, \q1 \v 8 Maaziyaa, Biilgaayii fi Shemaa'iya'a; isaan kun worra hayyootaa ti. \q1 \v 9 Worra Lewwootaa keessaa ammoo, Iyaasuu ilma Azaaniya'aa, ilmaan Henaadaadii keessaa ammoo Biinuyi, Qadmii'elii fi, \q2 \v 10 firoottan isaanii, Shebaniyaa, Hodiiyaa, Qaliixaa, Pheelaayaa, Haanaan, \q2 \v 11 Miikaa, Rehoob, Hashabiiyaa, \q1 \v 12 Zaakur, Sherebiiyaa, Shebaniyaa, \q1 \v 13 Hodiiyaa, Baanii fi Beniinu. \p \v 14 Sooreyyii kolba'aa keessaa ammoo, Phaarosh, Phaahati-Mo'aab, Elaam, Zaatuu, Baanii, \q1 \v 15 Buni, Azigaad, Bebaayi, \q1 \v 16 Adoniyaa, Biigwaayi, Aadiin, \q1 \v 17 Ater, Hisqiyaa, Azur, \q1 \v 18 Hodiiyaa, Hashum, Bezaayi, \q1 \v 19 Hariif, Anaatoti, Nebaayi, \q1 \v 20 Maagphiyaashi, Meshulaan, Heziir, \q1 \v 21 Meshezaabi'el, Zaadoq, Yaaduwaa, \q1 \v 22 Phelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa, \q1 \v 23 Hoshe'aa, Hanaaniyaa, Hashub, \q1 \v 24 Haloheshi, Philhaa, Shobeq, \q1 \v 25 Rehuum, Hashabnaa, Ma'aseyaa, \q1 \v 26 Ahiiyaa, Haanaan, Aanaan, \q1 \v 27 Maluuk, Haariimii fi Ba'ana'a. \p \v 28 Namoottaan worra hafane keessaa ammoo, Hayyooti, Lewwooti, worri karra eegu, faarfattooti, tajaajiltooti Galma Waaqaa, akkasuma worra Seera Waaqaatiif jedhanee kolbaa adaala san jirtu keessaa addaan ifi baasane maraa, dubartoota isaanii, ilmaan isaaniitii fi ijoollee durraa isaanii worra beekkumsaa fi hubantii qabu mara woliin, \v 29 firoottan isaanii, qondaaltota isaanii wolitti dabalamanee, seera Waaqaa ka harka Muusee garbicha Waaqaatiin kenname gula deemiisaaf, ajaja, seerata fi sirna Mootii Waan Maraa Goottaa keennaa maraayyuu eegiisaaf, yoo yakkane abaaramiisaaf kakatane. \p \v 30 Nuuti ijoollee durraa teenna namoota biyya sanii akka hin heerumsiinne, ijoollee durraa ta isaaniille ilmaan teenna akka hin fuusinne kakanne. \p \v 31 Namooti biyya sanii meya daldalaa yookiin midhaan gurguriisaaf, gaafa Sanbataa yoo fidane, gaafa Sanbataa yookiin guyyaa jilaa dhibiille, nuuti isaan irraa hin binnu. Woggaa torbeesso'ootitti fichaa bulchinee foorfachiinna; liqaa maralle hin lakkinna. \p \v 32 Nuuti tokko tokkoon keenna wogguma wogga'aan tajaajila mana Waaqa keennaatiif, sheeqelii\f + \fr 10:32 \fr*\fqa Sheeqelii: \fqa*\ft Beesee meetii irraa hujanu.\ft*\f* harka sad keessaa tokko baasuu ifitti murre. \p \v 33 Kunille daabboo Waaqaaf kennantuuf\f + \fr 10:33 \fr*\fqa Daabboo Waaqaaf kennantu: \fqa*\ft Daabboon tun akka seera bara saniititti ta Waaqaaf xarapheessaarra keyanu.\ft*\f*, kennaa midhaanii ka guyyaa guyya'aan dhikaatuuf, kennansa ciinca'aa ka guyyaa guyya'aa dhikaatuuf, guyyaa Sanbataatiif, baatii ji'ootaatiif, guyyaa jila beekkamaneetiif, kennansa woyyichaa fi kolbaa Israa'eliitiif araara buusiisaaf ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaattu, hujii mana Waaqa keennaa keessatti hujantu maraaf ka te'u. \p \v 34 Nuuti hayyooti, Lewwooti, kolbaalle, akka seera keessatti barreeffantetti, ciincaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikaatu addee ciinca'aa irratti ciincessiisaaf, qoraan barbaachisu, maatii dhikeessitu murteessiisaaf, wogguma wogga'aan hixaa buufanna. \p \v 35 Nuuti wogguma wogga'aan midhaan galfannuu fi midhaan mukaa mara keessaa mataa mataa gara Galma Mootii Waan Maraa finna. \p \v 36 Ilma angafa tokko tokkoo keennaaf dhalate, gara hayyoota Galma Waaqa keennaa keessa tajaajilanuu geessinee, akkuma seera keessatti barreeffante, achitti Waaqaaf adda baanna. Akkasuma angafa loon keennaa, angafa hoolotaa fi re'oota teennaalle Waaqaaf adda baanna. \p \v 37 Itti daballeelle bukoo midhaan keennaa ka qaraa irraa, kennaa midhaan keennaa irraa, midhaan mukaa mara irraa, daadhii woyni'ii haareya irraa, zayitii ejersaa irralle'ee hayyootaaf akka te'anu, Galma Waaqa keennaa keessatti addee meen itti galfamutti geessina; qachoota nuuti keessa hunyu marattuu kudhan keessaa tokko worri guuru Lewwoota waan te'eef, kudhan keessaa tokko midhaan keenna Lewwootaaf geessina. \v 38 Yennaa Lewwooti kudhan keessaa tokko kana fudhatanu, hayyichi sanyii Aaronii isaan biratti dhaggama; worri Lewwootaa ammoo kudhan keessaa tokko ka guurane san keessaa, kudhan keessaa tokko gara Galma Waaqa keennaa fidanee addee meen itti galfamutti galchan. \v 39 Lewwootii fi kolbaan Israa'elii kennaa midhaan adda addaa, woynii haareyaa fi zayitii ejersaa addee meen Galma Waaqaa keyamuu fi addee hayyooti worri hujii irra jiranu, worri karra eeguu fi faarfattooti tee'anutti geessan; nuuti ammoo Galma Waaqa keennaa hin lakkinnu\f + \fr 10:39 \fr*\fqa Hin lakkinnu: \fqa*\ft Cadhinnee hin ilaallu jechuu ilaala.\ft*\f*. \c 11 \s1 Kolbaa Yerusaalem Keessa Leete \p \v 1 Bulchitooti kolba'aa qachaa Yerusaalemii keessa le'ane; kolbaan worri hafane hixaa buufatanee maatii kudhan kudhan keessaa tokko qachaa guddaa woyyicha Yerusaalem keessa le'iisaaf filatamanee, worri hafe ammoo qachoota dhibii keessa le'ane. \v 2 Kolbaalle namoota worra fedha ifiitiin Yerusaalem keessa le'iisaaf ifi kennane mara eebbiche. \p \v 3 Kolbaan Israa'elii gariin, hayyooti, Lewwooti, tajaajiltooti Galma Waaqaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii qachoota lafa Yihuda'aa keessa jiranu lafuma ifii keessa qachaa ifii keessa le'ane. \v 4 Sanyii Yihuda'aatii fi sanyii Beniyaaminii keessalle'ee gariin Yerusaalem keessa le'ane. Sanyiin Yihuda'aa: \p Atayaa ilma Uziya'aa, akaakoo Zakaariyaasii ti. Sanyiin isaa Amaariyaa, shefaaxiya'aa fi Mahalalelii sanyii Faaresiille dabalata. \v 5 Akkasuma Ma'aseyaa ilma Baarukii, akaakoo Kolhozee ti. Sanyiin isaa ta dhibiin Shelaa Hazaayaa, Adaayaa, Yoyaariib fi Zakaariyaas. \p \v 6 Sanyiin Faaresii worri Yerusaalem keessa le'ane, loltooti beekkamane, namoota dhibba afurii fi jaatamii saddeeti. \p \v 7 Sanyii Beniyaaminii keessaa: \p Sa'aaluu ilma Meshulaamii, akaakoo Yo'edii ti. Sanyiin isaa ta dhibiin Fedaayaa, Qolaayaa, Ma'aseyaa, Itii'el, Yeshaa'iya'a. \p \v 8 Beniyaaminitti aananee, Gabaayii fi Silaayi, wolumatti sanyiin Beniyaaminii dhibba sagalii fi diddamii saddeetitti Yerusaalem keessa le'e. \v 9 Yo'el ilmi Ziikrii toowataa isaanii ti; Yihudaan ilmi Hasenu'aa qachaa irratti itti aanaa toowataa qacha'aa ti. \v 10 Hayyoota keessaa: \p Yedaa'iyaa ilma Yoyaariibiitii fi Yaakiin. \v 11 Seraayaan ilma Hilqiiya'aa, akaakoo Meshulaamii ti. Sanyiin isaa Zaadoq, Meraayootii fi ka dur Galma Waaqaa keessatti hayyicha guddaa te'eeru Ahiixub fa'a. \v 12 Sanyiin Seraaya'aa worri Galma Waaqaa keessa tajaajilane wolumatti namoota dhibba saddeetii fi diddamii lama. Isaanille Adaayaa ilma Yerohaamii, akaakoo Felaaliya'aa ti. Sanyiin isaa Amzii, Zakaariyaas, Fash-Hurii fi Milkiiyaa fa'a. \v 13 Sanyiin Adiya'aa, abbootiin firaa dhibba lamaa fi afurtamii lama. Isaanille Amash-saayii ilma Azaari'elii akaakoo Ahazaayii ti. Sanyiin isaa Mashilemootii fi Iimer fa'a. \v 14 Sanyiin isaanii loltooti beekkamane dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti. Toowataan isaanii Zabdii'elii ilma Hagdoolimii ti. \p \v 15 Lewwoota keessaa: \p Shemaayaa ilma Hashubii akaakoo Azriiqaamii ti. Sanyiin isaa Hashabiya'aa fi Buni fa'a. \p \v 16 Shabetaayii fi Yozaabaad, bulchitoota Lewwootaa, ta hujii Galma Waaqaatiin alaa ti. \p \v 17 Mataaniiyaa ilma Miika'aa, akaakoo Zabdii, sanyii Asaafii, ka daadimata leellisaa faaru'uun faarfattoota Galma Waaqaa sooresse. \p Gargaaraan isaa Baqbuqiiyaa; \p Abdaan ilma shamu'aa, akaakoo Gaalaalii sanyii Yedutuu ti. \p \v 18 Wolumatti Lewwoota dhibba lamaa fi saddeettamii afuritti qachaa Yerusaalemii woyyicha keessa le'e. \p \v 19 Eeddoti Galma Waaqaa: \p Aquub, Xalmoonii fi firoottan isaanii wolumatti dhibba tokkoo fi torbaatamii lama. \p \v 20 Kolbaan Israa'elii ta dhibiin, hayyootaa fi Lewwooti worri hafane, qachoota Yihuda'aa keessa lafuma ifii keessa qachoota Yihuda'aa dhibii keessa le'ane. \v 21 Tajaajiltooti ammoo Galma Waaqaa gaara Ofeelii gubbaa le'ane; Ziihaa fi Gishiphaan toowattoota isaanii ti. \p \v 22 Toowataan Lewwootaa ka Yerusaalem keessa le'e Uzii ilmi Bunii, akaakoo Hashabiiya'aa ti. Sanyiin isaa Mataaniiya'aa fi Miikaa sanyii Asaafii, worra dur itti gaafatantoota faarfannaa Galma Waaqaa keessaa te'ee ti. \v 23 Dabareen guyyaa guyya'atti worra faarfattootaatiif kennamuu male akka kennamuuf, mooticha biraa ajaji bayeeru jiraayyu. \p \v 24 Sanyii Yihuda'aa ka te'e, sanyii Zera'aa, ilmi Meshezaabi'elii Fetaahiyaan mooticha biratti bakka bu'aa Israa'elii ti. \s1 Kolbaa Ollootaa Fi Qachaa Yerusaalemiitiin Alaa keessa Leetu \p \v 25 Kolbaan Yihuda'aa gariin qachoota asii gadii ka fichaa isaaniitiin cina'aa: qachaa Kiriyaat-Arabaatii fi olloota isaa keessa, qachaa Dhiibooniitii fi olloota isaa keessa, qachaa Yiqaabzii'eliitii fi olloota isaa keessa. \v 26 Akkasuma qachaa Yeshu'aa, qachaa Molaada'aa, qachaa Bet-Phaalexii, \v 27 qachaa Hazarshu'aalii, qachaa Bersheeba'aatii fi olloota isaa keessa, \v 28 qachaa Siiqlaagii keessa, qachaa Mekona'aatii fi olloota isaa keessa, \v 29 qachaa En-Rimoon keessa, qachaa Zaarii'a'aa keessa, qachaa Yarmuutii keessa, \v 30 qachaa Zaano'a'aa keessa, qachaa Adunaamiitii fi olloota isaa keessa, qachaa Laakiishiitii fi fichaa cinaa isaa keessa, qachaa Aazeqa'aatii fi olloota isaa keessa le'ane. Maarre isaan biyya Bersheeba'aatii haga dhooqa Hiinomiititti qubatane. \p \v 31 Sanyiin Beniyaaminii ka Geba'aa dhufane, qachaa Makma'aa keessa, qachaa Ayyaatii keessa, qachaa Bet'eliitii fi olloota cinaa isaa keessa, \v 32 qachaa Anaatotii keessa, qachaa Nobii keessa, qachaa Anaaniiyaa'aa keessa, \v 33 qachaa Hazoorii keessa, qachaa Raama'aa keessa, qachaa Giitaayimii keessa, \v 34 qachaa Haadiidii keessa, qachaa Zebo'iimii keessa, qachaa Nebaalaaxii keessa, \v 35 qachaa Lodiitii fi Onoo keessa, dhooqa namoota hujii harkaa hujuu keessalle qubatanee le'ane. \v 36 Lewwooti dur lafa Yihuda'aa keessa le'anu gariin lafa kolbaa Beniyaaminii keessa qubatane. \c 12 \s1 Hayyootaa fi Lewwoota \p \v 1 Hayyootii fi Lewwooti worri Zarubaabelii ilma She'altii'eliitii fi Iyaasuu woliin booju'uu deebi'ane, hayyooti: Seraayaa, Ermiyaas, Izraa \v 2 Amaariyaa, Maluuk, Haxushi, \v 3 Shekaaniyaa, Rehuum, Meremoot, \v 4 Iddoo, Giinetoo, Abiiyaa, \v 5 Miyaamin, Ma'adiiyaa, Biilgaa, \v 6 Shemaayaa, Yoyaariib, Yedaa'iyaa, \v 7 Sa'aaluu, Aamoq, Hilqiiya'aa fi Yedaa'iya'a. Isaan kun bara Iyaasu'uu keessatti sooreyyii hayyoota firoota isaanii ti. \p \v 8 Lewwooti: Iyaasuu, Biinuyi, Qadmii'el, Sherebiiyaa, Yihuda'aa fi Mataaniya'a. Mataaniyaan firoota ifii woliin itti gaafatamaa faaruu leellisaa ti. \p \v 9 Firooti isaanii Baqbuqiiyaanii fi Uniiyoon yennaa tajaajilaa isaanitti aananee dhaabbatan. \p \v 10 Iyaasuun Yoyaaqiim uumate, Yoyaaqiim Eliyaashiib uumate, Eliyaashiib yoyaadaa uumate, \v 11 Yoyaadaan Yonaataan uumate, Yonaataan Yaaduwaa uumate. \s1 Sooreyyii Fira Hayyootaa \p \v 12 Bara Yoyaaqiim hayyicha guddaa te'eerutti, hayyooti sooreyyii fira hayyootaa te'ane: fira Seraaya'aatiif, Meraaya'a; fira Ermiyaasiitiif, Hanaaniya'a; \v 13 fira Izra'aatiif, Meshulaam; fira Amaariya'aatiif, Yehohaanaan; \v 14 fira Meliikuutiif, Yonaataan; fira Shebaaniya'aatiif, Yoseef; \v 15 fira Haariimiitiif, Adna'a; fira Meraayootiif, Helqaayi; \v 16 fira Iddootiif, Zakaariyaas; fira Giinetooniitiif, Meshulaam; \v 17 fira Abiiya'aatiif, Ziikri; fira Miyaaminiitii fi fira Mo'aadiiya'aatiif, Phiilxaayi; \v 18 fira Biilgaatiif, Shamu'a'a; fira Shemaya'aatiif, Yehonaataan; \v 19 fira Yoyaariibiitiif, Matenayi; fira Yedaa'iya'aatiif, Uzi; \v 20 fira Saalaayiitiif, Qalaayi; fira Aamoqiitiif, Ebeer; \v 21 fira Hilqiiya'aatiif, Hashabiiya'a; fira Yedaa'iya'aatiif, Nataani'el; \p \v 22 Bara Eliyaashaab, Yoyaadaan, Yohaannaanii fi Yaaduwaan hayyoota gugurdoo te'aneeranutti, galmeen sooreyyii fira Lewwootaatii fi sooreyyii fira hayyootaa tun, bara Daariyos mooticha Faaresii te'eerutti galmeeffante. \p \v 23 Sooreyyiin maatii Lewwootaa haga bara Yohaannaan ilma Eliyaashiibii jiru qofa galmee dabarsi'ii keessatti galmeeffamane. \v 24 Lewwooti qajeelfama sooreyyii Lewwootaa Hashabiiyaa, Sherebiiya'aa fi Iyaasuu ilma Qadmii'eliitiin, addee lamatti qoodamanee, fuullee wolii dhaabbatanee, nami Waaqaa Daawiti akka ajajetti wol irraa fufuudhaa leellisaa fi galata Waaqaaf galchane. \p \v 25 Mataaniiyaan, Baqbuqiiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Xalmoonii fi Aquub eedduu mana meyaa, ka karra dalleya Galma Waaqaa biraa ti. \p \v 26 Namooti kun bara Yoyaaqiimiin ilmi Iyaasuu akaakoo Yozaadaaqii, akkasuma bara Nahimiyaan biyya bulchuu, bara Izraan hayyichaa fi barsiisaa Seera Muuse'ee te'eeru tajaajilane. \s1 Dalleenni Qachaa Yerusaalemii Eebbifame \p \v 27 Yennaa dalleenni qachaa Yerusaalemii eebbifame, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, kiraaraa fi maseenqo'oon, faaruu galataatiin gammadaan akka isaan jilifatanu, Lewwoota addee isaa le'anu maraa gara Yerusaalemii fidane. \v 28 Faarfattoota maatii Lewwootaa addee isaan qubataneeranu adaala Yerusaalemiitii fi adaala olloota Nefaatotaa keessaa, \v 29 Bet-giilgaalii, Geba'aa fi Bet-Azmaawet irraa wolitti qabamane. \v 30 Hayyootii fi Lewwooti akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ifi qulqulleessanee, kolbaa, karra dalleyaatii fi dalleya qacha'aa qulqulleessane. \p \v 31 Achiin duuba ani Nahimiyaan sooreyyii Yihuda'aa dalleya irratti akka bayanu godhee, golii gugurdoo lamatti qoodee Waaqaaf galata galchaa qachaa akka naannowanu godhe. \p Goliin qaraa harka middaatiin dalleya irra gara karra, «karra kosi'ii» jedhantu dhaqane. \v 32 Hoshaa'iya'aa fi gamisi sooreyyii Yihuda'aa faarfattoota san duubaan ideemane; \v 33 Azaariyaan, Izraan, Meshulaam, \v 34 Yihudaan, Beniyaamin, Shemaa'iyaanii fi Ermiyaas, \v 35 ammalle Hayyooti gariin worri tultullaa afuufu, Zakaariyaasii ilma Yonaataanii, akaakoo Shemaa'iya'aa woliin dhaqane; sanyiin isaa Mataaniyaa, Mikaayaa, Zaakurii sanyii Asaafii fa'a. \v 36 Ammalle sanyiin Zakaariyaasii: Shemaa'iyaan, Azaari'el, Milalaayi, Gilalaayi, Nataani'el, Yihuda'aa fi Haanaan, meya ittiin faarfatanu ka akka Daawitiin nama Waaqaa faarfatuu qabatanee isa gula deemane; barsiisaan Seera Muuse'ee Izraan isaan sooresse. \v 37 Karra madda bisaanii yennaa geyane, yaabbannoo irra gara qachaa Daawitii ol bayanee, mana mootummaa Daawitii irra dabaranee, karaa aduun baatuun gara karra bisaanii deebi'ane. \p \v 38 Goliin\f + \fr 12:38 \fr*\fqa Goliin: \fqa*\ft Yookiin gareen\ft*\f* faarfattootaa ta lammeesso'oo, dalleya irra gara bita'aa deemane. Anille kolbaa gamisa woliin isaan gula deemee, xelleephoo ibiddaa bira dabarree, dalleya badhaa bira geenne. \v 39 Karra Efreemii gubbaarra, karaa karra dullatti'iitiin, karaa karra qurxummi'iitiin, karaa xelleephoo Hanaani'eliitii fi karaa xelleephoo «Dhibba» jedhantuun, gara karra hoolotaa dhandhe; karra worra eeddotaa biratti dhaabbane; \v 40 goliin faarfattootaa lamaanuu worri Waaqaaf galata galchinu adaala Galma Waaqaa geenne. \p Worra sooreyyii na woliin jiranu irratti dabalamiisaan, \v 41 hayyooti tultullaa afuufanu ka na woliin jiranu Eliyaaqim, Ma'aseyaa, Miyaamin, Miikaayaa, Eliyo'enaayi, Zakaariyaasii fi Hanaaniya'a; \v 42 ammalle Ma'aseyaa, Shemaa'iyaa, Ele'azaar, Uzii, Yehohaanaan, Malkiiyaa, Elaamii fi Azer; faarfattooti Yizraayaatiin sooreffamiisaan qoonqoo guddo'oon faarfatane. \v 43 Guyyaa san Waaqi waan guddoo isaan gammachiiseef, kolbaan gammadaan guutantee, woreega hedduu kennite; dubartootii fi ijoolleelle gammadde. Shookkessi gammada isaanii qachaa Yerusaalemii irraa fago'otti dhage'ame. \s1 Kennansa Tajaajila Galma Waaqaatiif Kenname \p \v 44 Guyyuma san namooti mana meyaa ka kennansi kennamu, midhaan mata'aatii fi kudhan keessaa tokko itti kuufamu irratti itti gaafatantoota akka te'anu muudamane; namooti kun akka Seeraatitti hayyootaa fi Lewwootaafille qooda kennamu, fichaa adaala qachoota isaanii jiru irraa mana kuusa'aatitti wolitti qabiisaafille itti gaafatamummaa qaban. Kolbaan Yihuda'aa martinuu hujii hayyootaatii fi Lewwootaatitti gammadde. \v 45 Isaan tajaajila Waaqa isaaniitii fi aadaa dhugeeffanna'aa ta qulqulleeffanna'aa godhane. Faarfattootii fi eeddoti karraalle akkuma ajaja Daawitiitii fi ilma isaa Solomooniititti, huji ifii hujane. \v 46 Bara durii, bara Daawitiitii fi Asaafii, sooreyyiin faarfattootaa, faaruun leellisa Waaqaatii fi Waaqa galateeffatiisaalle hin jiraniiyyu. \v 47 Bara Zerubaabeliitii fi Nahimiya'aa Israa'elooti marti faarfattootaa fi eeddota karraatiif qooda isaanii guyyuma guyya'aan hin kennan. Kolbaa Lewwootalle'eef qooda isaanii kennaa turane; Lewwootille waan qooda ifii irraa hayyootaaf\f + \fr 12:47 \fr*\fqa Hayyootaaf: \fqa*\ft jechuun sanyii Aaroniitii.\ft*\f* hin kennaniiyyu. \c 13 \s1 Israa'el Orma Irraa Gargar Baate \p \v 1 Gaafas isaan kitaaba Muuse'ee qoonqoo ol qabatanee dubbisane; kitaaba san keessalle'etti «Worri Amooniitii fi Mo'aabii ijjumaa wolde'a Waaqaatitti hin makamin» jedhantee ta barreeffanteertu dhaggane. \v 2 Worri Amooniitii fi Mo'aabii, karaa biyya Gibxi'ii irratti sagale'ee fi bisaan kolbaa Israa'eliitiif kennuu irra, Bala'aam beese'een bitanee akka kolbaa Israa'elii isaaniif abaaru waan godhaneef, ajaji kun kenname. Te'uu malee, Waaqi keenna abaarsa eebbatti jijjiire. \v 3 Kolbaan yennaa Seera kana dubbifamuun dhageette, sanyii ormaa Israa'elii irraa gargar baache. \p \v 4 Tanaan dura hayyichi Eliyaashiib, itti gaafatamaan meya Galma Waaqaa keessaa, Xobiiyaa woliin lansummaa qabaayyu. \v 5 Inni kolloo badhoo, ta dur kennansi midhaanii, kennansi hixaanaa, mey Galma Waaqaa, kennansi midhaanii ka kudhan keessaa tokkoo, daadhiin woyni'iitii fi zayitiin Lewwootaaf, faarfattootaaf, worra karra eeguufille kennamu akka keessa keyamu yaadamee hujame, akkasuma kennansi hayyootaaf kennamu keessa keyamu, Xobiiya'aaf kenne. \v 6 Artashaastaan mootiin Baabilonii mootii te'ee woggaa soddomii lammeesso'ootitti ani gara mootichaa waan dhaqeef, yennaa san maraayyuu ani Yerusaalem keessa hin jiru; yennaa diqqo'oon duuba ammoo mooticha kadhadhee, \v 7 gara Yerusaalemii deebi'e; achitti Eliyaashiib Galma Waaqaa keessatti kolloo tokko Xobiiya'aaf kenniisaan waan hantuu inni huje hubadhe. \v 8 Kun guddoo na aarsee, meya manaa ka Xobiiya'aa mara kolloo Galma Waaqaa san keessaa gad gate. \v 9 Achiin duuba ani kolloon akka qulqulleeffantu, mey Galma Waaqaa, kennansi midhaaniitii fi hixaanaalle akka deebi'ee itti galu ajaje. \p \v 10 Lewwootii fi faarfattooti Galma Waaqaa keessaa, qoodi isaanii waan hin kennaminiif, akka isaan gara fichaa ifii deebi'ane hubadhe. \v 11 Maarre ani bulchitoota mormee, «Galmi Waaqaa maaniif gatame» jedhee gaafadhe; Lewwootaa fi faarfattootalle wolitti waamee hujii Galma Waaqaa keessaatitti isaan deebise. \v 12 Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa martinuu midhaan irraa, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa irraa, kudhan keessaa tokko kolloo meya Galma Waaqaatitti fidiisa jalqabane. \v 13 Ani Shelemiiyaa hayyicha, Zaadoqii barsiisaa Seeraatii fi Fadaayaa Lewwicha, addatantoota waan te'aneef, itti gaafatantoota mana meya Galma Waaqaa akka te'anu godhe; Haanaanii ilma Zaakurii, akaakoo Mataaniiya'aa, qarqaaraa isaanii godhe. Hujiin isaanii qooda fira isaaniitiif kennamu qoodiisa. \p \v 14 Ee Waaqa kiyya, waan kanaaf na yaadadhu; hujii dansaa ani Galma keetiif, tajaajila isaatiif godhe haxoottee hin balleessin! \p \v 15 Bara san kolbaan Yihuda'aa guyyaa Sanbataatiin woynii cunfanuun, midhaan galfatanuun, unkuruura woyni'ii, midhaan woyni'ii, midhaan harru'uutii fi fe'iisa adda addaa guyyaa Sanbataatiin gara Yerusaalemii fidaneeranuun dhagge. Tanaaf ani yennaa san sagalee akka hin gurgurre isaan dhoogge. \v 16 Kolbaan biyya Xiiroosii worri Yerusaalem keessa le'u gariin qurxummi'ii fi waan gurguramu adda addaa, guyyaa Sanbataatiin gara Yerusaalemii fidanee Yihudootatti gurguratane. \v 17 Ani qondaaltota Yihuda'aa mormee, «Guyyaa Sanbataatiin, wonni hantuun isin hujiisatti jirtanu kun maan? Isin Sanbata batteessiisatti jirtan. \v 18 Waaqi qacha'aa fi nu irratti badii tana mara wonni fideef, abbootiin teessan badii tana hujjeefii motii? Ammalle isin Sanbata batteessiisaan Israa'el irratti mufii Waaqaa ta caaltu fidaartan» jedhe. \p \v 19 Sanbati boru jedhaa, aduun dhiitee dimimmitteen, karri Yerusaalemii akka cufantuu fi haga Sanbati dabarutti akka hin bananne ani ajaje; guyyaa Sanbataatiin fe'iis tokkolle akka ol hin seenne, tajaajiltoota tiyya keessaa garii karra karra irra dhaabbachiise. \v 20 Daldaltootii fi worri waan adda addaa gurguratu yennaa tokko yookiin yennaa lama dalleya Yerusaalemiitiin ala bulaneeran. \v 21 Ani ammoo, «Isin maaniif dalleyaan dura bultan? Lammeessoo yoo itti deebitane, ani hunnaan isin ari'a!» jedhee isaan ifi eeggachiise. Yennaa sanii jalqabanee isaan guyyaa Sanbataatiin deebi'anee hin dhunne. \v 22 Lewwooti guyyaa Sanbataa woyyoonsiisaaf, ifi qulleessanee, dhaqanee karroota akka eeganu ani isaan ajaje. Ee Waaqa kiyya, waan kanaaf na yaadadhu, akka jaalala keeti guddaa bara baraatitti, na mararfadhu! \p \v 23 Bara san ani, dhiirti Yihudootaa dubartoota Ashidoodii, Amooniitii fi Mo'aabii akka fuudhaneeranu beeke. \v 24 Ijoollee isaanii keessaa gamis afaan worra Ashidoodii yookiin afaan kolbaa dhibi'ii keessaa tokko dubbatti malee, afaan Yihudootaa dandeettee hin dubbattu. \v 25 Anille isaan mormee, isaan abaareelle, isaan keessaa garii dhowee, rifeensa isaan irraa buqqise; ijoollee durraa ta isaanii ilmaan ormaatitti akka hin heerumsiinne, ilmaan isaaniille yookiin isaan ifiifille ijoollee durraa ta ormaa akka hin fuuneef maqaa Waaqaatiin isaan kakachiise. \v 26 Ani isaaniin, «Mootiin Israa'elii Solomoon cubbuu ka huje fuudha akkasii kanaanii motii? Gosa biyya adda addaa keessaa mootiin akka isaa hin jiruuyyu; Waaqi isa jaalatee, Israa'el mara irratti isa mootonse; te'uu malee, dubartooti ormaa ta inni fuudhe isaayyuu akka cubbuu huju godhane» jedhe. \v 27 Isin ijoollee duraa ta ormaa fuudhiisaan Waaqa keenna mormtanee hammeenna gudda'aa fi yakkaa akka hujjanu dhage'iisaan nuutille fakkeenna keessan hordonnaa ree? \p \v 28 Yoyaadaan ilma hayyicha guddaa Eliyaashiibii ti; ilmaan Yoyaada'aa keessaa tokkochi intala Sanbalaaxii qachaa horoonii fuudhe; maarre ani akka inni Yerusaalem lakkisee deemu godhe. \p \v 29 Ee Waaqa kiyya! Hujii hayyumma'aatii fi gondooroo ati hayyootaa fi Lewwoota woliin goote akka isaan xureessane qaabadhu! \p \v 30 Maarre ani hayyootaa fi Lewwoota waan orma te'e mara irraa qulleessee, tokko tokkoofuu, hujii hujanu itti kenne. \v 31 Ammalle ani qoraan ciincaa ittiin ciinceffamuu fi midhaan galfatanu keessaa ka mata'aa, yennaa murteeffantetti, gara Galma Waaqaa akka fidanu godhe. \p Ee Waaqa kiyya, waan ani godhe kanaaf na yaadadhu!