\id NAM - Guji Bible \ide UTF-8 \h Naahomii Raagichaa \toc1 Kitaaba Naahomii Raagichaa \toc2 Naahomii Raagichaa \toc3 Nah. \mt1 Kitaaba Naahomii Raagichaa \imt Seensa \ip Kitaab Naahomii bara duriitii jalqabanee diinota Israa'elii hamoota ka te'ane, worra Asooriitiif qachaa guddittii ta teete, Marroo badii Nanawwe'ee wolaloo dhikeessa. Nanawween dhaloota Kiristoosiitiin dura gara woggaa dhibba torbaatitti baduun isi'ii, gosa gadhaa jabaattuu\f + \fr 1:0 \fr*\fqa Gadhaa jabaattu: \fqa*\ft Gadhi-jabeenni kun hammeenna mudhisa.\ft*\f* fi koortu irratti Waaqi akka muru mudhisa. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Muraa Nanawwee irratti murante\ior 1:1-5\ior* \io1 Badii Nanawwe'ee\ior 2:1—3:19\ior* \c 1 \p \v 1 Mudhiin marroo Nanawwe'ee, kitaab mudhi'ii ka Naahomii nama biyya Elqoshii kana. \s1 Waaqi Nanawwe'etti Mufate \q1 \v 2 Waaqi hinaatticha; \q2 Mootii Waan Maraa ka haluulle bawu; \q2 inni mufii jadduu ifiitiin \q2 diinota ifii irratti balaa buusa. \q1 \v 3 Waaqi hunnaa guddoo qaba, \q2 ammoo ariifatee hin aaru; \q2 Yakkaamessa adabu male hin lakkisu. \b \q2 Karaan isaa bubbe'ee fi danbalii keessa; \q2 duumensi bukuu\f + \fr 1:3 \fr*\fqa Bukuu: \fqa*\ft Yookiin awwaara.\ft*\f* miila isaa ti. \q1 \v 4 Inni abbaayaa xixee hin gossa; \q2 laga maralle hin gossa; \q2 Baashaan latti marraan beekkantee fi \q2 Qarmelos latti qonnaan beekkante qooraneeran; \q2 daraaraan Libaanosii harca'aneeran. \q1 \v 5 Gaaroti isa duratti hin tacho'an; \q2 koobotille hin baqan. \q2 Latti isa duratti, \q2 biyyi lafaatii fi \q2 ka isii keessa le'anu marti hin raafaman. \q1 \v 6 Mufii isaa jadduu dura eentu dhaabbatuu dande'a? \q2 O'a aarii isaa eentu dande'ee ossa? \q2 Mufiin isaa akka ibiddaa bobeetti; \q2 rassaalle isa duratti hin bututa. \q1 \v 7 Waaqi dansa'a; \q2 yennaa rakkinnaa addee itti baqatanu. \q2 Inni worra itti baqatu rakkinna irraa hin dhoogga; \q2 \v 8 diinota ifii ammoo akka lolaa haxowuu \q2 ijjumaa balleessee, dukkanatti hin ari'a. \q1 \v 9 Isin maaf Waaqa irratti mala dhoottan? \q2 Inni ijjumaa isin hin balleessa; \q2 lammeessoo nami isa irratti ka'u hin jiru. \q1 \v 10 Isin worri machoottanu, \q2 akka qoree wol xaxxeetii fi \q2 akka hicaacee goddee hin gubattan. \q1 \v 11 Ee Nanawwe'e, nami Waaqa irratti mala dhowu, \q2 ka waan hantuu gorsulle, \q2 si keessaa ka'e. \q1 \v 12 Mootiin Waan Maraa, \q2 kolbaa ifii Israa'eliin, «Worri Asoorii hunnaameyyi'ii fi \q2 hedduu te'anulle, \q2 ijjeefamanee, hin badan. \q2 Kolbaa tiyya, tanaan dura ani isin rakkisulle, \q2 yoona deebi'ee isin hin rakkisu. \q1 \v 13 Amma ani waanjoo worra Asoorii isin irraa cassee, \q2 wodaroo sibiilaa ta ittiin hidhantane \q2 isin irraa hin ciccira» jedhe. \p \v 14 Mootiin Waan Maraa marroo worra Asoorii, \q2 «Haganaa achi \q2 sanyiin maqaa keessan waansittu hin jiraattu; \q2 galma waaqota keessanii keessaa \q2 waaqota dharaa fakkii bocantee fi \q2 fakkii baqisiifantee hujantee hin balleessa. \q2 Isin worra bu'aa hin qanne waan teeteef, \q2 boolla awwaalaa isiniif hin qota» jedhee ajaja baaseera. \b \q1 \v 15 Kunoo, ergamaan oduu gammadaa odeessu, \q2 ka nageya lallabu gaara gubba'aa dhufaara. \q1 Kolbaa Yihuda'aa! Diinni keessan ijjumaa waan badeef, \q2 haganaa achi biyya teessan hin qabatanu. \q1 Tanaaf, gammadaan jilifadha'a. \q2 Waan Waaqaaf kenniisaaf waadaa galtane Waaqaaf kenna'a. \c 2 \s1 Badii Nanawwe'ee \q1 \v 1 Nanawwe'e, ka balaa sitti buusu dhufeera. \q2 Kushee teeti jabeeffadhu; \q2 karaa eegi; \q2 hidha keeti hidhadhu; \q2 lolaaf qopheeffadhu. \b \q1 \v 2 Saantuun sanyii Yaaqoobii saantulle, \q2 woynii isaaniille balleessitulle, \q1 Waaqi ilmaan Yaaqoobii ka te'ane, \q2 ulfinna Israa'elii hin deebisa. \b \q1 \v 3 Loltooti diinaa wontee diintuu qabataneeran; \q2 isaan woyaa dhiillee uffataneeran; \q2 yennaa isaan lolaaf qophowanu, \q2 sibiilli garreettaa farda isaanii hin billiccisa; \q2 woraanni isaanille hin mirmiffama. \q1 \v 4 Garreettoti fardaa karaa irra ariiti'iin gulufan; \q2 woldeennaa kara'aa keessa asii fi achi gulufan. \q1 Isaan umeessaa\f + \fr 2:4 \fr*\fqa Umeessaa: \fqa*\ft Yookiin Xassaa\ft*\f* bobe'u fakkaatan; \q2 akka balaqqeetti'ii gugatan. \q1 \v 5 Mootiin Asoorii loltoota ifii beekkantuu hin waama; \q2 isaan dhufaaranuun karaa irratti hin gufatan; \q2 gara dalleya qacha'aa hin gulufan; \q2 wonteelle qophootteerti. \q1 \v 6 Karri karaa lagaa ba'a jettee banante; \q2 manni mootumma'aa jige. \q1 \v 7 Nanawween salphatte; \q2 mootittiin isi'ii booji'antee fudhatante; \q2 tajaajiltooti isi'ii ta dubarti'ii, \q2 qoonqoo gaddaa \q2 ta akka qoonqoo saphaliisaa dhageessisan. \q2 Gaddaan qoma ifii dhodhowatan. \q1 \v 8 Akka bisaan naanniga cassee, \q2 kolbaan Nanawwee keessaa hin baqatti! \q1 «Dhaabbadhu! Dhaabbadhu!» jedhanee iyyan, \q2 ammoo nami tokkolle hin deebi'u. \q1 \v 9 Karri qachaa sanii baca'a, \q2 qabeenni adda addaalle tuula'a; \q2 Dhaqa'aatii meeti'ii fi worqii saama'a! \q1 \v 10 Nanawween baddee, ontee, duwwiteerti! \q2 soda'aan baqanee, jilbille sheephiseera. \q1 Neenqoleen marti hin hollatti; \q2 fuulli nama maraatuu shankallowe! \q1 \v 11 Mandheen neenqaa, \q2 godi isaan dardaroota neenqaa itti nyaachisanu, \q2 latti neenqi kormii fi dhalaan \q2 sodaa malee keessa deddeemanu fakkaattu \q2 qachaa sun amma meet ree? \q1 \v 12 Neenqi ilmoolee ifiitiif foon kukkuta; \q2 neenqa dhala'aafille ka gewu adansa. \q1 Inni goda ifii waan adanseen, \q2 boolla ifiille foon kukkutameen guuta. \p \v 13 Nanawwe'e! Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, «Kunoo, ani si morma! Garreettaa fardaa keeti ibiddaan guba. Loltoota teeti shallaaga'aan fixa; waan ati adanfattu mara ani lafa irraa balleessa; qoonqoon ergantoota teetiille haganaa achi hin dhage'antu» jedha. \c 3 \s1 Nanawwe'eef Aanne'e \q1 \v 1 Qachaa dhiiga namaa dhangalaasu, \q2 ka sobaan guutame, ka saantu'uun guutame, \q2 ka booju'uun guutame, Nanawwe'eef aanne'e! \q1 \v 2 Worcaqqeessi\f + \fr 3:2 \fr*\fqa Worcaqqeessi: \fqa*\ft Yookiin dhuqaasi\ft*\f* liche'eetii fi kokokkeessi korbo'oo, \q2 hididdeessi fardaatii fi gugukkeessi garreettaa fardaa, \q2 hin dhage'ama! \q1 \v 3 Abbootiin fardaa hin gulufan, \q2 shallaagaan isaanii hin billiccisa, \q2 woraanni isaanii hin calaqqisa; \q2 nami hedduun waan ijjeefameef, \q2 reeffi tuulameera; \q2 reeffi hedduu waan te'eef, \q2 gufuu isaanitti te'eera! \q1 \v 4 Ati ta xanoo xantu, \q2 ta ilatti toltu sababa sagaagala keetii tun teete; \q2 ati sagaagalummaa teetiin kolbaa garboonsitee, \q2 xanoo teetiin gosa biyya adda addaalle gurgurte. \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, \q2 «Nanawwe'e, ani si morma; \q2 uffana keeti si irraa shooqee\f + \fr 3:5 \fr*\fqa Shooqee: \fqa*\ft Saaqe.\ft*\f* fuula keetitti buqa\f + \fr 3:5 \fr*\fqa Buqa: \fqa*\ft Yookiin uffis.\ft*\f*; \q2 gosi marti qullaa keeti, \q2 mootummaalle salphinna keeti akka dhaggitu godha. \b \q1 \v 6 «Ani huura\f + \fr 3:6 \fr*\fqa Huura: \fqa*\ft Xuri.\ft*\f* sitti gata, \q2 si tuffadha\f + \fr 3:6 \fr*\fqa Tuffadha: \fqa*\ft Malch.\ft*\f*, \q2 akka si daaw'atanulle godha. \b \q1 \v 7 «Achiin duuba worri si daaw'ate marti si irraa baqataa, \q2 ‹Nanawween baddeerti; eentu bowaaf?› jedhan; \q2 ka si jajjabeessu ani eessaa siif dhagga ree?» jedhe. \b \q1 \v 8 Nanawwe'e, ati qachaa Tebesii\f + \fr 3:8 \fr*\fqa Tebes: \fqa*\ft Amma \ft*\fqa Amooni\fqa*\ft jedhama; qachaa guddaa kaaba biyya Gibxi'ii jiru.\ft*\f*, \q2 ka laga Nayilii\f + \fr 3:8 \fr*\fqa Nayili: \fqa*\ft Itoophiyaa keessatti \ft*\fqa Abbayi\fqa*\ft jedhama.\ft*\f* biraa, \q2 ka bisaan marseeru, \q2 ka kaabiin isaa abbaaya'aa, \q2 ka bisaan akka dalleyaa marseeru hin caaltaa? \q1 \v 9 Qachaan Tebesii loltoota Itoophiya'aatii\f + \fr 3:9 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* fi Gibxi'ii \q2 ta haga hin qanneen eegameera; \q2 Worri Fuxiitii fi Liibiya'aalle qarqaartota Tebesii ti. \b \q1 \v 10 Te'uu malee worri Tebesii qabamanee, \q2 booji'amaneeran; \q2 daa'immaan isaaniille \q2 woldeennaa kara'aa mara irratti, \q2 dhaka'aan tumamanee jijjiganeeran; \q2 qondaaltota Tebesii irratti hixaa buufataneeran; \q2 worri gugurdaan Tebesii marti \q2 wodaroo sibiilaatiin hidhaman. \q1 \v 11 Nanawwe'e, atille hin machootta, \q2 gara dhokaataa hin ideenta; \q2 diina duraa addee itti baqattu \q2 hin barbaaddatta. \q1 \v 12 Kusheen teeti mara akka muka harru'uu \q2 ka midhaan qara bilchaatee ti. \q1 Yoo hargufame, \q2 afaan worra nyaatuu keessa harca'a. \q1 \v 13 Loltoota teeti ilaali; \q2 isaan akka dubarti'ii ti. \q1 Balbalti biyya teetii \q2 diinota keetiif badhattee bananteerti; \q2 danqaraa balbalootaalle ibiddi fixeera. \q1 \v 14 Diinaan waan marfantuuf, \q2 bisaan woraabbadhu, \q2 kushee teeti jabeeffadhu; \q2 biyyee faaraa sukkuumii, \q2 dhiitii qopheessii, \q2 faara loobame huji! \q1 \v 15 Achitti ibiddaan gubata; \q2 shallaagaalle'een kukkutanta. \q2 Ibiddi akka awwaannisaa si fixa. \b \q1 Akka awwaannisaatii fi \q2 akka korophiisaa horuma hori! \q1 \v 16 Ati urjoota gubba'aa caalaa, \q2 daldaltoota teeti fakkanfatteerta. \q2 Isaan akka awwaannisaa \q2 biyya qorranee ka'anee badan. \q1 \v 17 Eeddoti teeti akka korophiisaa ti; \q2 qondaaltoti teeti akka korophiisa \q2 Guyyaa qabbanaa \q2 dalleya irratti heechatee ti. \q1 Yennaa aduun baatu, koolaan ka'ee deema; \q2 gara inni dhaqe eennuulle hin beeku. \b \q1 \v 18 Ee mootii Asoorii, \q2 eeddoti teeti muganeeran; \q2 qondaaltoti teeti dunquuqqowaneeran. \q1 Kolbaan teeti gaara irratti bittinnootteerti; \q2 nami isaan wolitti qabulle hin jiru. \q1 \v 19 Miidhama keeti nami goomsu hin jiru; \q2 madaan teeti hin fayyitu. \q1 Nami oduu jinnana keeti dhage'e marti \q2 gammadaan harka dhowa. \q1 Nami gadhi-jabinna keeti ka muummee hin qanne \q2 jalaa bayeeru jiraa ree?