\id MRK - Guji Bible \ide UTF-8 \h Wongeela Maarqoosii \toc1 Wongeela Maarqoosii \toc2 Wongeela Maarqoosii \toc3 Mar. \mt2 Wongeela Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii \mt1 Ka Maarqoos Barreesse \imt Seensa \ip Wongeelli Maarqoosii, «Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristoosii Ilma Waaqaa kana» jedhiisaan jalqaba. Oduu Gammadaa tana keessatti Yesuus nama huji'iitii fi nama baallii qabu te'ee dhikaateera. Baalliin isaalle: Barsiisa isaatiin, durriisota irratti hunna qabuu fi cubbuu namaatiif araara kenniisaan mudhatteerti. Yesuus, «Kolbaa garbooma cubbu'uu jalaa bilisa baasiisaaf jiruu tiyya wodoo godhee kenniisaaf ka dhufe ani Ilma Namaa ti» jedhee ifumaafuu dubbateera. \ip Maarqoos dabarsii Yesuusii dubbi'ii fi barsiisa isaa irratti adoo hin te'in irra caalaa hujii bilbaasaa ka inni huje irratti xiyyeeffatee, karaa qajeela'aa fi jaba'aan dhikeesse. Marroo dabarsii Yohaannisii cuupha'aa, marroo cuuphamiisaa fi ataabamiisa Yesuusii, seensa gabaabaa kenneen duuba, marroo barsiisiisaa fi dhibee irraa fayyisiisa Yesuusii badhinnaan barreesseera. Yenna'aan duuba hordofattooti Yesuusii akkuma irraa caalaa Yesuus beekaa deemaneen, worri Yesuus falmulle irra caalaa isa jibbaa deeme. Fooroti dhumaa, torbaan dhumaa keessatti, jiruu Yesuusiititti waan muummowe, keessattuu marroo fannifamiisaa fi du'aa ka'iisa isaa dubbata. \ip Dhuma Wongeelaa irratti dalleya keessatti ka dhikaate yaadi lamaan barreeffama durii garii keessa calla'atti dhaggama. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Jalqaba Wongeelaa\ior 1:1-13\ior* \io1 Huji Yesuus Galiilaa keessatti huje\ior 1:14—9:50\ior* \io1 Yesuus Galiila'aa gara Yerusaalemii dhaqe\ior 10:1-52\ior* \io1 Yesuus torbaan dhumaa Yerusaalemii fi adaala isi'iititti\ior 11:1—15:47\ior* \io1 Du'aa ka'iisa Yesuusii\ior 16:1-8\ior* \io1 Mudhatiisaa fi ol bayiisa Goottaa du'aa ka'ee\ior 16:9-20\ior* \c 1 \s1 Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa \r (Mat. 3:1-12; Luq. 3:1-18; Yoh. 1:19-28) \p \v 1 Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristoosii Ilma Waaqaa kana. \v 2 Kitaaba Isaayaasii raagichaa keessatti, \q1 «Kunoo, Ani ergamaa kiyya ka karaa si'iif qopheessu \q2 si'iin dura erga. \q1 \v 3 Lafa goomole'ee\f + \fr 1:3\fr*\fqa Goomole'ee: \fqa*\ft Gammoojji'ii\ft*\f* keessatti nami tokko\f + \fr 1:3\fr*\fqa Nami tokko: \fqa*\ft Hiikkaan gariin, «qoonqoon nama iyyuu» jedha.\ft*\f*, \q2 ‹Karaa Gootta'aa qopheessa'a; \q2 daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!› jedhaa iyya» jedhantee akkuma barreeffante. \p \v 4 Yohaannisiin cuuphaan lafa goomole'ee keessatti, «Cubbuu teessan irraa deebi'aatii, cuuphama'a! Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhaa lallabaa dhufe. \v 5 Kolbaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii martinuu gara Yohaannisii dhaqanee, cubbuu ifii dhugaa baasanee\f + \fr 1:5\fr*\fqa Dhugaa baasanee: \fqa*\ft Faaci'atanee, cubbuu ifitti beekane.\ft*\f*, laga Yordaanosiititti harka isaatitti cuuphamane. \p \v 6 Yohaannis uffana rifeensa gaalaatiin dhowame uffatee, hidha ifiille teephaan hidhatee, awwaannisaa fi damma hollaa nyaataa ture. \v 7 Inni, «Ka na caalu na duubaan dhufaara; ani gad jedhee hidhaa kophee isaalle hiiku'uuf nama te'uu moti. \v 8 Ani bisaaniin isin cuupha; inni ammoo Ayyaana Woyyichaan\f + \fr 1:8\fr*\fqa Ayyaana Woyyichaan: \fqa*\ft Ayyaana Qulqullu'uun\ft*\f* isin cuupha» jedhee lasse. \s1 Cuuphamuu Yesuusii \r (Mat. 3:13-17; Luq. 3:21-23; Yoh. 1:31-34) \p \v 9 Eegi san adoo hin turin Yesuus, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu dhufee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphame. \v 10 Akkuma Yesuus bisaan keessaa bayeen, ol-gubbaan saaqantee, Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'uun dhagge. \v 11 Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya ka ani jaaladhu; ani si'itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage'ante. \s1 Ataabamuu Yesuusii \r (Mat. 4:1-11; Luq. 4:1-13) \p \v 12 Yennuma san Ayyaanni Waaqaa akka Yesuus gara lafa goomole'ee dhaqu tolche. \v 13 Yesuus lafa goomole'ee keessa guyyaa afurtama Seexanaan ataabamaa\f + \fr 1:13\fr*\fqa Ataabamaa: \fqa*\ft Nunnuffamaa\ft*\f* ture. Achitti bineensota woliin ture; ergantooti Waaqaalle isa tajaajilane\f + \fr 1:13\fr*\fqa Tajaajilane: \fqa*\ft Ergamane\ft*\f*. \s1 Yesuus Galiila'atti Hujii Jalqabe \r (Mat. 4:12-17; Luq. 4:14-15) \p \v 14 Yohaannisiin cuuphaan gara mana hidha'aa\f + \fr 1:14\fr*\fqa Hidha'aa: \fqa*\ft Hidhaanaa\ft*\f* dabarfamee kennameen duuba, Yesuus gara Galiila'aa dhufee, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte lallabe.\x - \xo 1:14 \xo*\xt Mat. 3:2\xt*\x* \v 15 Inni, «Barri muummaweera, mootummaan waaqaa dhikaatteerti, cubbuu irraa deebi'aatii Oduu Gammadaatitti dhugeeffadha'a!» jedhe. \s1 Yesuus Barattoota Jalqabaa Arfan Waame \r (Mat. 4:18-22; Luq. 5:1-11) \p \v 16 Yesuus Abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane Simoonii fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo\f + \fr 1:16\fr*\fqa Caccoo: \fqa*\ft Tiyyoo\ft*\f* tiyyoo Abbaaya'atti afanuun dhagge. \v 17 Inni isaaniin, «Ana faana kowa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe. \v 18 Isaanille yennuma san caccoota ifii achitti dhiisanee, isa faana deemane. \p \v 19 Yesuus haga diqqoo ideemee, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis, hoboloo ifii keessatti caccoota ifii mimmidhaffatanuun dhagge. \v 20 Inni akkuma dhaggeen isaan waame; isaanille abbaa ifii Zabdewoos hojjattoota woliin hoboloo keessatti lakkisanee Yesuus faana deemane. \s1 Yesuus Namicha Ayyaana Hama'aan Qabame Fayyise \r (Luq. 4:31-37) \p \v 21 Yesuusii fi barattooti isaa gara qachaa Qifirnaahoomii dhaqane; guyyaa Sanbata\f + \fr 1:21\fr*\fqa Sanbata: \fqa*\ft Guyyaa foora Yihudootaa\ft*\f* itti aanuu Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee barsiise. \v 22 Yesuus akka barsiisota Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu waan isaan barsiiseef worri barsiisiisa isaa dhage'ane maraa akka inni itti barsiise jajane. \v 23 Yennuma san namichi ayyaana hama'aan qabameeru tokko Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee, \v 24 «Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu teeti hin beeka; ati Woyyicha Waaqaa ti!» jedhe iyye. \p \v 25 Yesuus ayyaana hama'aan «Cadhisi! Keessalle'ee bayi» jedhee xixe. \p \v 26 Ayyaanni hamaan sun namicha gajassiisee, qoonqoo guddo'oon iyyee keessaa baye. \v 27 Kolbaan martinuu guddoo maadeffattee, «Wonni akkasii kun maan? Kun barnoota haareya! Inni ayyaanota hamoota ajajiisaafille baallii qaba; isaanille isaaf hin ajajaman» jettee wol woliin dudubbatte. \p \v 28 Gurri isaa adoo hin turin lafa Galiila'aa duudii keessatti addee maratti dhage'ame. \s1 Yesuus Kolbaa Hedduu Fayyise \r (Mat. 8:14-17; Luq. 4:38-41) \p \v 29 Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii akkuma bayeen, Yaaqoobii fi Yohaannis woliin mana Simooniitii fi Indiryaasii dhaqe. \v 30 Yennaa inni achi gewu haat-sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee irkatteerti; yoosuma dhibee isi'ii tana isatti himane. \v 31 Yesuus itti dhikaatee, harka isi'ii qabee ol isii kaase; dhukkubi nafa o'isu sun isii lakkise; isiille isaanii areerte. \p \v 32 Galgala san aduun seenteen duuba, worra dhibamanee fi worra durriisotaan qabamane maraa gara isaa fidane. \v 33 Kolbaan qachaa sanii martinuu balbala duratti wolitti qabante. \v 34 Yesuus kolbaa hedduu ka dhukkuba adda addaatiin dhibante fayyise. Inni durriisota hedduulle baase; ammoo durriisoti ebeluu isaa waan beekaneef, akka isaan waan tokkolle hin dubbanne dhoogge. \s1 Yesuus Galiila'atti Oduu Gammadaa Lallabe \r (Luq. 4:42-44) \p \v 35 Barii halkaniin, boruun adoo hin diimatin Yesuus ka'ee, manaa gad bayee addee nami hin jirre dhaqee, achitti daadimate. \v 36 Simoonii fi worri isa woliin turane ammoo Yesuus barbaassa bayane. \v 37 Isaan yennaa isa dhaggane, «Namooti martinuu si barbaadiisatti jiran» jedhaneen. \p \v 38 Yesuus ammoo, «Wonni Ani dhufeef lallabiisaaf waan te'eef, ka'aa gara olloota nu'utti aananuu dhandha, ani achille'etti lallabu'uu male» isaaniin jedhe.\x - \xo 1:38 \xo*\xt Mat. 4:23; 9:35\xt*\x* \p \v 39 Maarre, Yesuus lafa Galiila'aa maraa keessa deddeemee, manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti lallabee, durriisotalle baase. \s1 Yesuus Namicha Tokko Fayyise \r (Mat. 8:1-4; Luq. 5:12-16) \p \v 40 Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokko gara Yesuusii dhufee, miilatti jigee, «Yoo fedha keeti te'e na fayyisuu\f + \fr 1:40\fr*\fqa Fayyisuu: \fqa*\ft Qulleessuu\ft*\f* hin dandeetta» jedhee isa gaafate. \p \v 41 Yesuus isaaf gaddee harka diriirfatee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» isaan jedhe. \p \v 42 Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkisee, namichi fayye. \v 43 Achiin duuba Yesuus namichaan, \v 44 «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti\f + \fr 1:44\fr*\fqa Hayyichatti: \fqa*\ft Qeesichatti\ft*\f* ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee, jabeessee, seeree, isa erge. \p \v 45 Namichi ammoo achii deemee, akkuma dhagge haasowee oduu biyyaan geye. Kanaaf Yesuus addee qoommi'iititti\f + \fr 1:45\fr*\fqa Qoommi'iititti: \fqa*\ft Qoonni'iititti\ft*\f* ture malee, qaaleyaan gara qacha'aa seenu'uuf hin dandeenne. Kolbaan ammoo addee maraa gara isaa dhutte. \c 2 \s1 Yesuus Namicha Nafa Laashowe Fayyise \r (Mat. 9:1-8; Luq. 5:17-26) \p \v 1 Guyyaa diqqa'aan duuba Yesuus Qifirnaahoomitti deebi'ee gale; kolbaan akka inni galee mana jiru dhageette. \v 2 Kolbaan hedduun haga manni dhiphatee, balbala duraan woliin addee dhabanutti wolitti qabante. Adoo Yesuus jecha Waaqaa isaan barsiisiisatti jiruu, \v 3 jarri takka nama afur te'anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba'atanee gara Yesuusii fidanee dhufane. \v 4 Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba'aan heellichoo\f + \fr 2:4\fr*\fqa Heellichoo: \fqa*\ft Heellichoon mana biyya Filisxeemii hin baxxatti malee, akka mana keennaa ol hin luuxxottu\ft*\f* manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane. \v 5 Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe. \p \v 6 Barsiisoti Seera Muuse'ee ka achi tetee'aneeranu tokko tokko, \v 7 «Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshessiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramuu dande'a?» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane. \p \v 8 Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba'aan beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan? \v 9 Namicha nafa laashoween, ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi› jechu'utti kaso'o? \v 10 Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha nafa laashoween, \v 11 «Ani si'iin jedha, ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi» jedhe. \p \v 12 Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka'ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, «Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu» jedhaa Waaqa leellisane. \s1 Yesuus Lewwii Waame \r (Mat. 9:9-13; Luq. 5:27-32) \p \v 13 Ammalle Yesuus gara qarqara abbaayaa Galiila'aa dhaqe. Gumiin guddoon gara isaa dhuttee, inni isaan barsiise. \v 14 Inni karaa saniin adoo dabaruu, Lewwii ilma Alfewoosii addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. Innille ka'ee isa hordofe. \p \v 15 Eega san Yesuus mana Lewwi'iititti sagalee areerratiisatti jiraayyu. Namooti hedduun waan isa hordofaneeranuuf, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun Yesuusii fi barattoota isaa woliin sagalee areerratiisaaf qori'itti hiiqanee tetee'aneeraniiyyu. \v 16 Worra Fariisaayota keessaa barsiisota Seera Muuse'ee ka te'ane, Yesuus worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerratuun dhagganee, «Maaf inni worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerrata?» jedhanee barattoota isaa gaafatane. \p \v 17 Yesuus waan kana dhage'ee, «Namoottaan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne» isaaniin jedhe. \s1 Gaaffii Marroo Laamiisaa \r (Mat. 9:14-17; Luq. 5:33-39) \p \v 18 Guyyaa tokko barattooti Yohaannisiitii fi Fariisaayoti yennaa laamanu, jarri tokko gara Yesuusii dhufanee, «Barattooti Yohaannisiitii fi barattooti Fariisaayotaa hin laaman. Barattooti teeti ammoo maaf laamuu dhaban?» jedhanee isa gaafatane. \p \v 19 Yesuus ammoo deebisee, «Jaaloti waajibaa, adoo inni isaan woliin jiruu hin laamanii? Haga inni isaan woliin jiru hin laamanu. \v 20 Ammoo guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; isaan guyyaa san laaman. \p \v 21 «Woyaa dullatti'itti erbee haareya eennulle hin erbu; yoo erbe, erbeen haaretti sun woyaa dullattii san shuntuurachiittee\f + \fr 2:21\fr*\fqa Shuntuurachiittee: \fqa*\ft Shuntuurrachiittee\ft*\f* hin tarsaatti; tarsa'iisi isi'iille ka qaraa ka caalu te'a. \v 22 Akkasuma daadhii Woyni'ii ta hin bayin\f + \fr 2:22\fr*\fqa Daadhiin Woyni'ii ta hin bayin: \fqa*\ft Daadhiin Woyni'ii o'ituun\ft*\f* qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; yoo naqe daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi; daadhi'ii fi qalqalluulle hin badan. Tanaa mannaa daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu qaddi» isaaniin jedhe. \s1 Gaaffii Marroo Guyyaa Sanbataa \r (Mat. 12:1-8; Luq. 6:1-5) \p \v 23 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa adoo isa woliin ideemanuu qamadii bubuqqifatiisa jalqabane. \v 24 Fariisaayoti Yesuusiin «Ilaali, barattooti teeti guyyaa Sanbataatiin akka hin tolchine Seeraan waan dhooggame maaf tolchan?» jedhane. \p \v 25 Yesuus deebisee, «Daawiti waan nyaatu dhabee, yennaa innii fi worri isaa woliin jiranu beelowane, waan inni tolche isin ijjumaa hin dubbinnee? \v 26 Bara Abiyaataar Hayyicha Guddaa te'eerutti, mana Waaqaa seenee daabboo Waaqa dura dhikaattu, hayyoota qofaaf ka Seerri kennu nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» isaaniin jedhe. \p \v 27 Achiin duuba Yesuus «Sanbatattuu namaaf dadame malee, nami Sanbataaf hin dadanne. \v 28 Maarre Ani Ilmi Namaa Sanbataafille Gootta'a» isaaniin jedhe. \c 3 \s1 Yesuus Namicha Harka Naafaa Fayyise \r (Mat. 12:9-14; Luq. 6:6-11) \p \v 1 Achiin duuba Yesuus deebi'ee gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu. \v 2 Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu. \v 3 Yesuus namicha harka naafateeruun, «Ka'iitii nama dura dhaabbadhu!» jedhe. \v 4 Achiin duuba jaralle'een, «Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansaa moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?» jedhe. Isaan ammoo cadhisane. \v 5 Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari'iitiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, «Harka keeti diriirfadhu!» jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriirfate, harkille deebi'ee fayye. \p \v 6 Maarre worri Fariisaayotaa gad bayanee, yennuma san golii Heroodisii woliin attamiin akka isa ijjeesanu mari'atane. \s1 Gumiin Guddoon Gara Yesuus Dhutte \r (Mat. 12:15-21; Luq. 6:17-19) \p \v 7 Yesuus barattoota ifii woliin gara cinaa abbaayaa Galiila'aa deeme. Gumiin guddoon Galiila'aa, biyya Yihuda'aatii, \v 8 qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya'aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ta gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte. \v 9 Gumiin guddoon sun akka isa hin cifanneef, akka hoboloo isaa qopheessanu barattoota ifiititti hime. \v 10 Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane. \v 11 Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhanee iyyane. \p \v 12 Yesuus ammoo ayyaanoti hamooti akka ebeluu isaa eennulle'etti hin hinne jabeessee ajaje. \s1 Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Filate \r (Mat. 10:1-4; Luq. 6:12-17) \p \v 13 Yesuus gara gaaraa ol bayee, worra barbaade gara ifii waame; isaanille gara isaa dhufane. \v 14 Achiin duuba Inni akka isaan Isa woliin te'anu, Oduu Gammadaa lallabiisaaf akka ergamanu, \v 15 durriisota baasiisaafille baallii akka qabaatanu namoota kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase. \p \v 16 Worri kudhanii lamaan Inni filatelle, Simoonii Inni «Pheexroos» jedhee moggaase, \v 17 Yaaqoobii fi Yohaannisii ilmaan Zabdewoosii, worra Inni «Bo'anerges» jedhee moggaase; akkas jechuulle, «Ilmaan Mandiisu'uu» jechu'u. \v 18 Indiryaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos, Simoonii «Hinaatticha» jedhamee beekkamee fi \v 19 Yihudaa nama qachaa keriyootii, ka isa dabarsee kenne. \s1 Yesuusii fi Bi'el Zebul \r (Mat. 12:22-32; Luq. 11:14-23; 12:10) \p \v 20 Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante. \v 21 Kolbaan, «Inni maraateera» waan jetteef, firoottan isaa kana dhage'anee isa qabiisaaf dhufane. \p \v 22 Barsiisoti Seeraa worri Yerusaalemii dhufane ammoo, «Bi'el Zebul\f + \fr 3:22\fr*\fqa Bi'el Zebul: \fqa*\ft Mooticha ayyaanota hamootaa\ft*\f* isa keessa jira! Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» Yesuusiin jedhane. \p \v 23 Jennaan Yesuus gara ifii isaan waamee, «Attamiin Seexanni Seexana baasuu dande'a? \v 24 Mootummaan takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin diiganti. \v 25 Maatiin takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, maatiin sun hin xexeeranti. \v 26 Maarre Seexannille ifi falmee, yoo ifi gargar qoode, sun badii isaa ti malee dhaabbachu'uuf hin dande'u. \p \v 27 «Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu'uuf hin dande'u; hidheen duuba ammoo mana isaa saamu'uuf hin dande'a. \p \v 28 «Ani dhugumaan isinitti hima, cubbuun maraa fi dubbiin arrabaa marti afaan namaa keessaa yoo baate, ilmaan namaatiif araarri hin kennama. \v 29 Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu bara baraa te'a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu» jedhee isaanitti mammaake.\x - \xo 3:29 \xo*\xt Luq. 12:10\xt*\x* \p \v 30 Yesuus sababa kolbaan, «Inni ayyaana hamaa qaba» jetteertuuf akkana jedhe. \s1 Haadhaa fi Obboleeyyan Yesuusii \r (Mat. 12:46-50; Luq. 8:19-21) \p \v 31 Achiin duuba haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanee ala dhaabbatanee, itti erganee isa waansisane. \v 32 Gumiin cinaa isaa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti ta dhiiraatii fi ta durraa alaa si barbaadiisatti jiran» jedhane. \p \v 33 Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya eennu fa'a?» isaaniin jedhe. \v 34 Inni gara worra isa marsee te'eeru midhatee, «Kunoo, haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra as jiranu kana! \v 35 Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe. \c 4 \s1 Mammaassa Namicha Midhaan Facaasuu \r (Mat. 13:1-9; Luq. 8:4-8) \p \v 1 Yesuus cinaa abbaayaa Galiila'aatitti ammalle barsiisuu jalqabe. Gumiin sonaan guddo'oo isa biratti wolitti qabantee jennaan, Yesuus hoboloo yaabee Abbaayaa gubba'atti keessa tee'e. Gumiin sun maraa ammoo lafa irra qarqara abbaayaa sanii dhaabbatteertiiyyu. \v 2 Yesuus waan hedduu isaan barsiisiisaaf itti mammaakee: \p \v 3 «Caqasa'a! Namichi tokko midhaan facaasu'uuf baye. \v 4 Adoo inni facaasuu, midhaan gariin karaa qarqara harca'e; sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. \v 5 Gariin ammoo lafa dhakittii, lafa biyyee guddoo hin qanne irra harca'e; lafi inni irra harca'e biyyee gad fageenna waan hin qanneef ariifatee mudhe. \v 6 Yennaa aduun itti baate ammoo qoore; hidda gad fago'oo waan hin qanneef goge. \v 7 Gariin qoree keessa harca'e; qoreelle guddattee isa huute; innille midhaan hin buune. \v 8 Gariin ammoo biyyee dansaa keessa harca'e; innille mudhee, guddatee, midhaan buuse: gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buuse!\f + \fr 4:8\fr*\ft Kitaab gariin, gariin dachaa soddoma, gariin dachaa jaatama, gariin dachaa dhibba buuse jedha; akkas jechuun midhaan soddoma, yookiin jaatama yookiin dhibba buuse jechu'u.\ft*\f*» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba Yesuus, «Gurra dhage'u ka qabu dhage'uu ti» jedhe. \s1 Mammaassi Maaf Akka Barbaachise \r (Mat. 13:10-17; Luq. 8:9-10) \p \v 10 Yennaa Yesuus qofi jiru, worri adaala isaa jiranu fi barattooti kudhanii lamaan waan mammaassa kanaa isa gaafatane. \v 11 Yesuus deebisee, «Dhossaan\f + \fr 4:11\fr*\fqa Dhossaan: \fqa*\ft Iccitiin, misxiriin, fojoon, gonci\ft*\f* mootummaa Waaqaa isiniif kennanteerti\f + \fr 4:11\fr*\fqa Kennanteerti: \fqa*\ft Himanteerti\ft*\f*; worra ala jiruuf ammoo wonni maraa mammaassaan himama. \v 12 Wonni himamuufille, \q1 «‹Isaan ilaalanee ilaalaneelle, \q2 ijjumaa akka hin dhaggine; \q2 dhage'anee dhage'aneelle, \q2 ijjumaa akka hin hubanne; \q2 gara Waaqaa deebi'anee \q2 innille isaaniif akka hin araaranneefii› » isaaniin jedhe. \s1 Hiikkaa Mammaassa Namicha Midhaan Facaasuu \r (Mat. 13:18-23; Luq. 8:11-15) \p \v 13 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Mammaassi kun isiniif hin galuu? Eegasuu attamiin mammaassa dhibii hubattan ree? \v 14 Namichi facaasu jecha Waaqaa facaasa. \v 15 Midhaan karaa qarqara harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen, Seexanni dhufee jecha dhage'ane san isaan keessaa fudhatuu ti. \v 16 Midhaan lafa dhakiti'itti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen gammadaan fudhatanuu ti. \p \v 17 «Ammoo isaan hidda gad fago'oo hin qabanu; yenna'aaf hin dhaabbatan; sababa jecha Waaqaatiif rakkinni yookiin miidhaan\f + \fr 4:17\fr*\fqa Miidhaan: \fqa*\ft Ari'amuun\ft*\f* yennaa ka'u yoosuma jigan. \v 18 Midhaan daggala qore'ee keessatti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa caqasuu ti. \v 19 Ammoo yaaddoon waan lafa tanaa, badhaadhi durumma'aa, halchaan waan adda addaa itti seentee, jecha Waaqaa huutee midhaan adoo hin buusin hafan. \v 20 Midhaan lafa dansaa keessatti harca'e ammoo, fakkeenna worra jecha Waaqaa dhage'ane fudhatanee, gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buusanuu ti» jedhe. \s1 Mammaassa Ifa Gombisoo Jalaa \r (Luq. 8:16-18) \p \v 21 Yesuus itti aansee, «Nami ifa fidee qorii jala yookiin taqee jala hin keyaa? Addee mudhatutti fannisaa motii? \v 22 Wonni dhokatteertu yoo jiraatte, gara mudhattutti hin baati; wonni dhossa'aa yoo jiraatte, gara ifaatitti hin baati.\x - \xo 4:22 \xo*\xt Mat. 10:26; Luq. 12:2\xt*\x* \v 23 Nami gurra dhage'u qabu dhage'uu ti» isaaniin jedhe. \p \v 24 Yesuus itti dabalee, «Waan dhageettanu qalbeeffadha'a! Waan namaaf ittiin safartanutti isinille'eef hin safarama; caalchifameelle isiniif hin kennama. \v 25 Nama wo qabuuf, itti dabalamee hin kennamaaf; nama womaa hin qanne ammoo, ka inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatama» isaaniin jedhe. \s1 Mammaassa Midhaan Ifumaan Mudhee Guddatuu \p \v 26 Yesuus itti aansee, «Mootummaan Waaqaa nama ficha'atti midhaan facaasee fakkaatti. \v 27 Namichi galee halkan hin rafa, guyyaa hin ka'a; midhaan sun ammoo adoo inni hin beekin mudhee guddata. \v 28 Biyyeen ifumaan akka midhaan latee guddatu gooti; dursee mudhee obba, itti aansee daraara, achiin duuba midhaan buusa. \v 29 Yennaa midhaan sun bilchaate, haammaan waan geetteef, yennuma san inni haantu'uun haama» jedhe. \s1 Mammaassa Midhaan Sanaafici'ii \r (Mat. 13:31-32; Luq. 13:18-19) \p \v 30 Yesuus ammalle, «Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessina? Yookiin mammaassa kamiin isii hinna? \v 31 Isiin akka midhaan Sanaafici'ii\f + \fr 4:31\fr*\fqa Sanaaficii: \fqa*\ft Sanaaficiin waan ficha'atti dhaabbanuu fi nyaatantu teetee, midhaan isi'ii imiimii akka midhaan muka danbi'iiti\ft*\f* ti. Midhaan isi'ii yennaa lafatti facaafamu midhaan biyya lafaa maraa irra hin diqqaata. \v 32 Inni yennaa facaafame, latee hin guddata; waan ficha'atti facaafame maraa irra ka caalu te'a; dameelee gugurdoo hin baasa. Sinbirreen dhuttee gaaddisa damee isaa jalatti mana ijaarratti» jedhe. \p \v 33 Yesuus mammaassa hedduu ka kana fakkaatuun haga hubantii isaaniititti jecha isaanitti hime. \v 34 Inni mammaassaan malee isaanitti hin dubbanne; ammoo yennaa barattoota ifii woliin qofi jiru, waan maraa isaanii hiike. \s1 Yesuus Bubbee Cadhisiise \r (Mat. 8:23-27; Luq. 8:22-25) \p \v 35 Yesuus gaafuma san galgala barattoota ifiitiin, «Ka'aa, gara abbaaya'aan gamaa buunaa» jedhe. \v 36 Barattooti isaa gumii achi jirtu lakkisanee, akkuma inni duraanuu hoboloo keessa tee'eeruun Yesuus fuudhanee deemane; hobolooti dhibiille woliin deemane. \v 37 Dedhuma bubbeen bubbittee, danbaliin\f + \fr 4:37\fr*\fqa Danbaliin: \fqa*\ft Danbalaan\ft*\f* bisaanii hobolo'otti dhangalaatee guutiisa geette. \v 38 Yesuus hoboloo san keessa gara duubaatiin boraafatee rafeeraayyu. Barattooti isaa isa dammassanee, «Barsiisa'a! Yoo nu dhumannu womaa si hin dhibuu!» jedhane. \p \v 39 Yesuus dammaqee bubbee saniin, «Cadhisi!» jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille'een, «Sarmi!» jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te'e. \v 40 Achiin duuba barattoota ifiitiin, «Maaf guddoo sodaattane? Haga ammaa dhugeeffannaa hin qaddanuu?» jedhe. \p \v 41 Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Ka bubbe'ee fi danbaliille isaaf ajajamanu kun eennu inni?» woliin jedhane. \c 5 \s1 Yesuus Ayyaana Hamaa Namicha Tokko Keessaa Baase \r (Mat. 8:28-34; Luq. 8:26-39) \p \v 1 Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa dhufane. \v 2 Akkuma Yesuus hoboloo irraa bu'een, namichi ayyaanni hamaan qabeeru tokko addee goda awwaalaa keessaa bayee gara isaa dhufe. \v 3 Namichi kun irreensota odduu le'eera; eennulle wodaroo sibiilaatiille'een isa hidhuu hin dandeenne. \v 4 Inni yennaa hedduu wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa ture; ammoo wodaroo sibiilaa ifi irraa kukkutaa, sibiila miilaalle butuchaa ture. Kanaaf nami tokkolle gad isa qabuu hin dandeenne. \v 5 Namichi yennaa maraa halkanii fi guyyaa odduu irreensotaatitti yookiin gaara gubbaa dhaqee iyyaa, dhakaalle'een ifi duguugaa ture. \p \v 6 Inni fago'otti Yesuus dhaggee, gara isaa fiigee, duratti jilbiiffatee, \v 7 iyyee lallabee, «E! Yesuus Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, magannee Waaqaa na hin rakkisin!» jedhe. \v 8 Yesuus isaan, «Ati ayyaana hama'a, namicha kana keessaa bayi!» waan jedheeruuf, inni akkana jedhe. \p \v 9 Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafate. \p Innille, «Maqaan kiyya duula; nuuti baca'a» jedhee deebise. \v 10 Ammalle inni ayyaana hamaa bacaa san adaala godina saniitii akka hin baanneef, jabeessee Yesuus kadhate. \p \v 11 Yennaa san, adaala san roga gaaraa irra, booyyeen hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. \v 12 Maarre ayyaanoti hamooti sun, «Booyyota sanitti akka galluuf itti nu ergi!» jedhanee Yesuus kadhatane. \v 13 Innille akka isaan itti galanuuf eeyyame. Ayyaanoti hamooti namicha keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti hedduun ta haga kuma lamaaniititti laakkowantu sun, roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante. \p \v 14 Worri booyyee tissanu baqatanee, oduu tana worra qachaa keessaatii fi worra adaala saniititti odeessane. Namooti waan te'e kana ilaalu'uuf dhufane. \v 15 Yesuus bira yennaa geyane, namichi duula ayyaana hama'aatiin qabamee ture sun woyaa uffatee, qalbiin deebitee achi te'eeruun dhagganee sodaatane. \v 16 Worri dhaggane sun, waan namichi ayyaanni hamaan keessa ture sunii fi booyyoti maan akka te'ane kolba'atti odeessane. \v 17 Achiin duuba isaan akka Yesuus adaala biyya isaaniitii deemuuf gaafatane. \p \v 18 Yesuus achii deemiisaaf adoo hoboloo yaabiisatti jiruu, namichi ayyaana hama'aan qabameeru sun, «Ani si woliin deema» jedhee isa kadhate. \v 19 Yesuus ammoo didee, «Gara manaa keetii deebi'ii gali; waan guddoo attamii Goottaan akka si'iif godhe, attam akka inni si'iif arjoome worra keetiif himi!» isaan jedhe. \p \v 20 Maarre namichi deemee, biyya qachoota kudhan jedhantu keessatti, waan guddoo Yesuus isaaf godhe maraa odeesse. Worri dhage'ane martinuu jajane. \s1 Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartittii Woyaa Yesuusii Tuxxe \r (Mat. 9:18-26; Luq. 8:40-56) \p \v 21 Yesuus deebi'ee hobolo'oon gara abbaaya'aan gamaa qaxxaamure. Yennaa inni qarqara abbaaya'aa jiru, gumiin guddoon isa biratti wolitti qabante. \v 22 Bulchitoota Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa namichi tokko, ka maqaan isaa Yaayiroos jedhamu dhufee, yennaa Yesuus dhagge, miila isaatitti gad jigee, \v 23 «Intalti tiyya diqqayyittiin dhukkuffattee du'iisa geetteerti. Akka isiin fayyituuf maganne'ee koyiitii harka keeti isii irra keyi!» jedhee jabeessee kadhate. \p \v 24 Achiin duuba Yesuus Yaayiroos woliin deeme. Namooti hedduun isa gula deemanee gara maraanuu isa dhiphisane. \p \v 25 Dubartiin woggaa kudhanii lamaa dhiigi isi'ii jigaa rakkattu takkalle achi jirtiiyyu. \v 26 Ogeessaan adoo cidhoommattuu guddoo rakkattee, waan qaddu maraa kanuma irratti fixxe. Dhibeen ammoo ittuma hammaatte malee hin goonne. \v 27 Gurra Yesuusii yennaa dhageette, gumii san odduu, dudda isaa duubaan dhuttee woyaa isaa tuxxe. \v 28 Isiin, «Woyuma isaalle yoo tuqe ani hin fayya» jedhaa gadhaa ifiititti yaadataa turte. \v 29 Yennuma san dhiigi isi'ii lola'uu lakkisee, dhibee ifii irralle'ee akka fayyite itti dhage'ame. \p \v 30 Yesuus yennuma san hunni fayyittu isa keessaa akka baate beekee, gumii oddu'utti ifi irra garagalee, «Eentu woyaa tiyya tuqe?» jedhee gaafate. \p \v 31 Barattooti isaa, «Akka gumiin si dhiibiisatti jirtu adoo dhaggituu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» isaan jedhane. \v 32 Yesuus ammoo nama isa tuqe dhaggiisaaf cinaa ifii ilaale. \p \v 33 Dubartittiin waan isi'iif godhame hubattee, sodaataa hollataa dhuttee miila Yesuusiititti jiddee, dhugaa jirtu maraa isatti hinte. \v 34 Yesuus isi'iin, «Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle'ee fayyi» jedhe. \p \v 35 Adoo Yesuus kana dubbatiisatti jiruu, namooti gariin mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufanee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona maaf barsiisaa rakkitta?» isaan jedhane. \v 36 Yesuus ammoo, waan dubbatame san tuffatee, bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa saniin, «Hin sodaatin, dhugeeffadhu malee!» jedhe. \v 37 Yesuus: Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisii obboleessa Yaaqoobii malee, nami tokkolle isa gula mana namichaa akka dhaquuf hin barbaanne. \v 38 Gara mana bulchaa sanii yennaa geyane, Yesuus namoota caancanuu fi bowaa wiiccifatanu dhagge. \v 39 Inni mana seenee, «Maaf caancitanee boottan? Intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» isaaniin jedhe. \p \v 40 Isaan ammoo itti kollane. Achiin duuba inni isaan maraa gara alaa yaasee, abbaa, haadha intalaatii fi barattoota ifii sadiin fudhatee, addee intalti jirtu seene. \v 41 Harka isi'ii qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen; akkas jechuun «Intala diqqayyoo! Ol ka'i!» jechu'u. \p \v 42 Intaltille yoosuma kaatee asii fi achi deente. Isiin intala woggaa kudhanii lamaa ti. Yennaa san isaan akka malee baaseffatane. \v 43 Yesuus ammoo, akka isaan eennulle'etti hin hinne jabeessee seere. Achiin duuba «Waan nyaattu isi'iif kenna'a!» jedhe. \c 6 \s1 Yesuus Naaziretitti Tuffatame \r (Mat. 13:53-58; Luq. 4:16-30) \p \v 1 Yesuus addee san lakkisee, gara qachaa ifii itti guddatee barattoota ifii woliin dhaqe. \v 2 Guyyaa Sanbataa, Mana Waaqonfannaa Yihudootaatitti barsiisuu jalqabe. Namooti hedduun achi jiranu, yennaa isa dhage'ane jajanee, «Wonna kana mara inni attam dande'ee huja? Baasota kana huju'uuf qarumma'aa fi hunna akkasii inni eessaa dhaggate? \v 3 Inni ilma Maariyaami'ii ka muka bocuu motii? Obboleeyyan isaalle Yaaqoob, Yoseef, Yihuda'aa fi Simoon fa'aa motii? Qachaa keenna keessa ammaa tanalle le'anii motii?» jedhanee isa tuffatanee, isa fudhatiisa didane. \p \v 4 Yesuus ammoo, «Raagaan tokko, addee dhibi'itti malee, biyya ifii, firoottan ifiitii fi maatii ifii keessatti ulfinna hin qabu» isaaniin jedhe. \p \v 5 Yesuus worra dhibameeru diqqaa tokko irra harka ifii keyee fayyise malee, baasota dhibii achitti hujiisaaf hin dadeenne. \v 6 Dhugeeffannaa dhabuun kolba'aa isa maadeffachiitte. \s1 Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Erge \r (Mat. 10:5-15; Luq. 9:1-6) \p Yesuus olloota adaala sanii mara keessa dhaqee barsiise. \v 7 Achiin duuba inni ergantoota kudhanii lamaan gara ifii waamee ayyaanota hamoota irratti baallii isaaniif kennee, lamaan lamaaniin isaan erge. \v 8 Inni isaaniin, «Ideemiisa kara'aatiif ulee malee, galaa, subba, beesee marxo'otti, waan tokkolle hin qabatina'a. \v 9 Kophee keyadha'a; woyaa uffatane malee ta dhibii hin qabatina'a. \v 10 Yennaa keessummummaa manatti isin fudhatane, haga qachaa sanii deentanutti manuma san keessa tura'a. \v 11 Yoo qachaa kolbaan isin hin fudhanne yookiin isin hin dhageenne dhaxxane, akka beessisa isaanitti teetu yennaa achii deentanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a» jedhe. \p \v 12 Maarre ergantooti deemanee, kolbaan cubbuu irraa akka deebitu himiisa jalqabane. \v 13 Isaan ayyaanota hamoota hedduu baasanee, worra dhibamaa hedduulle zayitii\f + \fr 6:13\fr*\fqa Zayitii: \fqa*\ft Akkuma Gujiin dhadhaa muudatu yookiin iffatu, worri Yihudootaalle zayitii muka ejersaa irraa hujante muudatan yookiin iffatan\ft*\f* issanee fayyisane. \s1 Du'a Yohaannisii Cuupha'aa \r (Mar. 14:1-12; Luq. 9:1-6) \p \v 14 Gurri Yesuusii addee maratti waan beekkameeruuf, Heroodisiin mootichi waan isaa dhage'e. Worri gariin, «Yohaannisii cuupha'atti ka'eera; hujiin baasaa tun isaan hujanti» jedhane. \v 15 Worri kuun, «Inni Eliyaas» jedhane; kuun ammoo, «Inni raagichuma akka raagota durii ti» jedhane. \v 16 Heroodis gurra Yesuusii yennaa dhage'e ammoo, «Yohaannisii ani morma isaa mursiisettuu du'aa ka'e» jedhe. \p \v 17-18 Heroodis wosoo ifii Heroodiyaas niitii Filiphoosii fuudheeraayyu. Yohaannis ammoo isaan, «Wosoo teeti fuudhuun seeraa moti!» waan jedheeruuf, inni isii gammachiisu'uuf, Yohaannis qassiisee mana hidha'aatitti hiisise.\x - \xo 6:17-18 \xo*\xt Luq. 3:9-20\xt*\x* \v 19-20 Heroodiyaas Yohaannisitti haloonfattee, isa ijjeesisiisaaf barbaadde. Yohaannis nama balcha'aa fi woyyuu akka te'e beekee, Heroodis isa sodaatee waan eessisaa tureef, isiin ammoo isa ijjeesiisu'uuf hin dandeenne. Heroodis yennaa dubbii Yohaannisii dhage'e gadhaa lama te'e. Te'ulle inni yennaa hedduu gammadaan isa caqasaa ture. \p \v 21 Heroodis guyyaa jila qaabbii dhaloota ifiitiif jedhee qondaaltota gugurdoo biyya ifii, dura aantota worra woraanaatii fi Galiilaa keessatti worra beekkamaneef waamicha godhe irratti, Heroodiyaas karaa dhaggatte. \v 22 Intalti Heroodiyaasii ol seentee yennaa sirbite, Heroodisii fi keessummoota isaa gammachiitte. Heroodisille intalaan, «Waan barbaadde mara na gaafadhu; ani si'iif hin kennaa!» jedhe. \v 23 Ammalle, «Wol qixxee mootummaa tiyyaalle, waan ati na gaafatte mara si'iif hin kenna» jedhee kakate. \p \v 24 Maarre intalti gad baatee, «Maan gaafadha?» jettee haadha ifii gaafatte. Haati ammoo, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa» jettee deebiteef. \p \v 25 Yennuma san intalti gara Heroodisii ariifattee deebitee, «Ammuma tana mataa Yohaannisii cuupha'aa qori'itti akka ati naaf kennitu barbaada» jetteen. \p \v 26 Waan kanaaf Heroodis akka malee gadde; ammoo keessumoota ifii duratti kakuu waan galeef jedhee, dubbii isi'ii diduu hin barbaanne. \v 27 Yennuma san Heroodis eedduu keessaa lolticha tokko ergee, mataa Yohaannisii akka fiduuf ajaje. Loltichi sun dhaqee mana hidha'aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kute. \v 28 Achiin duuba mataa isaa san qorii keessa keyee fidee intalatti kenne; intaltille haadha ifiititti kennite. \p \v 29 Barattooti isaa waan kana yennaa dhage'ane reeffa isaa fuudhanee awwaalane. \s1 Yesuus Nama Kuma Shanii Areere \r (Mat. 14:13-21; Luq. 9:10-17; Yoh. 6:1-14) \p \v 30 Ergantooti gara Yesuusii yennaa deebi'ane, waan hujanee fi waan barsiisane mara isatti himane. \v 31 Namooti hedduun kuun dhufaa kuun deemaa waan jiranuuf, Yesuusii fi barattooti isaa yennaa areeratanulle dhabane. Tanaaf inni isaaniin, «Ka'aa me takkaa addee qoommi'iititti baaneen foorfattanii» jedhe. \v 32 Maarre isaan hobolo'oon qofuu addee qoommi'ii dhaqane. \p \v 33 Namooti hedduun ammoo isaan deemaaranuun dhagganee hubatane; worri qachoota mara keessaa dhufane miilaan fiiganee isaaniin dura achi geyane. \p \v 34 Yesuus qarqara bisaaniititti hoboloo keessaa yennaa baye, gumii guddoo ta akka hoolota tissee hin qannee fakkaattu dhaggee isi'ii gadde. Maarre inni waan hedduu isaan barsiisiisa jalqabe. \p \v 35 Yennaa latti galgalootte barattooti isaa gara isaa dhufanee, «Addeen tun urma\f + \fr 6:35\fr*\fqa Urma: \fqa*\ft Ulma\ft*\f*, lattille dhiitteerti. \v 36 Gumiin tun gara olla'aa fi oorruu as aananuu kana dhaqanee, waan nyaatanu akka bitatanuuf gad lakkisi!» jedhane. \p \v 37 Yesuus deebisee, «Isin waan nyaatanu isaaniif kenna'a!» jedhe. Isaan ammoo, «Dhandhee mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatuun\f + \fr 6:37\fr*\fqa Mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatuun: \fqa*\ft Beesee dinaaraa dhibbaan\ft*\f* daabboo binnee isaanii kenninaa ree?» jedhanee gaafatane. \p \v 38 Jennaan inni, «Daabboo meeqa qaddan? Dhaqa'aatii ilaala'a!» isaaniin jedhe. Isaan meeqa akka teete beekaneen duuba, «Daabboo xaltaa lama» jedhaneen. \v 39 Yesuus akka isaan namoota maraa cinna cinnaan marra bisilee irra teessisanu barattoota ifiititti hime. \v 40 Isaanille cinna dhibba dhibbaan, shantama shantamaan tee'ane. \p \v 41 Yesuus xaltaa shanii fi qurxummii lamaan fuudhee gara ol-gubba'aa ilaalee eebbise. Achiin duuba xaltaa daabbo'oo san caccassee, kolba'aaf akka qoodanu barattoota ifiititti kekenne. Inni qurxummii lamaan sanille akka nama mara geettuuf kukkute. \v 42 Nami maraayyuu nyaatee quufe. \v 43 Barattooti isaa hambaa daabbo'ootii fi qurxummi'ii kollonjoo kudhanii lama mijuu fuudhane. \v 44 Kolbaan sagalee san nyaatte dhiirti callaanuu kuma shan. \s1 Yesuus Bisaan Gubbaa Ideeme \r (Mat. 14:22-33; Yoh. 6:16-21) \p \v 45 Yennuma san, Yesuus adoo kolbaa ifi irraa geegessiisatti jiruu, barattooti isaa hoboloo yaabanee isaan dura abbaaya'aan gama gara Betsayida'aa akka deebi'anee bu'anu tolche. \v 46 Inni kolbaa saniin nageyatti jedheen duuba daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye. \p \v 47 Yennaa galgalaalle inni qofuu achi jiraayyu; hoboloon ammoo odduu abbaaya'aa jirti. \v 48 Bubbeen gara isaanii waan bubbitteef, shaffisa'aan bisaan gurduummataa\f + \fr 6:48\fr*\fqa Gurduummataa: \fqa*\ft Laaqataa\ft*\f* rakkataa akka turane dhagge. Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeesso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara isaanii dhufee, cinaa isaanii akka dabaruu te'e. \p \v 49 Yesuus bisaan gubbaa ideemuun barattooti yennaa dhaggane, ekeraa seyanee iyyane. \v 50 Isaan maraa yennaa isa dhaggane bararaqane. Yesuus ammoo yennuma san, «Jabaadha'a! Wonni Ana; hin sodaatina'a!» isaaniin jedhe. \v 51 Inni hoboloo isaanii yaabee jennaan, bubbeen cadhitte. Barattooti akka malee baaseffatane. \v 52 Qalbiin isaanii waan duuddeertuuf, isaan baasa inni daabbo'oon hojjateeyyuu hubatuu hin dandeenne. \s1 Yesuus Genesaarexitti Worra Dhibame Fayyise \r (Mat. 14:34-36) \p \v 53 Yesuusii fi barattooti yennaa hobolo'oon abbaaya'aan gamatti qaxxaamuranee, Genesaarexitti lafatti bayane, qarqara bisaaniititti hoboloo hidhatane. \v 54 Akkuma isaan hoboloo keessaa bayaneen, kolbaan Yesuus akka te'e beette. \v 55 Maarre isaan adaala godina sanii duudii keessa fiiganee, addee inni achi jira jechuu dhage'ane maratti, worra dhibamane rare'een gara isaa fidane. \v 56 Addee Yesuus dhaqe, olloota, qachoota, oorruu yookiin lafa dikko'oo maratti, worra dhibamaa gara lafa qaaleyaa yaasanee, handaaruma woyaa isaalle tuqiisaaf isa kadhatane. Worri handaara woyaa isaa tuqane maraayyuu fayyane. \c 7 \s1 Seera Waaqaatii Fi Aadaa Maanguddo'oo \r (Mat. 15:1-9) \p \v 1 Fariisaayotaa fi barsiisoti seera Muuse'ee ka Yerusaalemii dhufane gariin, Yesuus biratti wolitti qabamane. \v 2 Barattooti Yesuusii gariin, akka seera isaaniititti, harka dhiqachu'uun adoo ifi hin qulleessin harka xuri'iitiin sagalee nyaatanuun dhaggane. \p \v 3 Worri Fariisaayotaa fi Yihudoota te'ane maraayyuu, aadaa maanguddoota isaanii waan ulfeessanuuf, harka ifii miidhassanee adoo hin dhiqatin hin nyaatanu. \v 4 Yennaa dikko'oo galanu adoo dhiqatanee ifi hin qulleessin hin nyaatanu.\f + \fr 7:4\fr*\ft Hiikkaan gariin waan dikko'oo bitane mara adoo hin dhiqin hin nyaatanu\ft*\f* Seerri abbootii isaanii ka isaan ulfeessanu ka dhibiille heddu'utti jira; meya itti unanu, meya bisaanii, meya sibiila diimaa irraa hojjatame, [taqeelle] hin dhiqan. \p \v 5 Tanaaf Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, «Barattooti teeti aadaa maanguddoota teennaa ulfeessuu didanee harka xuri'iitiin maaf sagalee nyaatan?» jedhanee Yesuus gaafatane. \v 6 Yesuus deebisee, «Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif: ‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti; gadhaan isi'ii ammoo na irraa fago'oo. \v 7 Aadaa namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa, na waaqonfatuun isaanii gatii hin qabu› jedhee ka raage dhuga'a. \p \v 8 «Isin ajaja Waaqaa ulfeessuu diddanee, aadaa namaa ulfeessitan» isaaniin jedhe. \v 9 Yesuus itti aansee, «Aadaa teessan hordofiisaaf jettanee ajaja Waaqaa didu'uuf mala dansaa qaddan. \v 10 Muuseen, ‹Haadhaa fi abbaa keeti ulfeessi!›, ‹Abbaa ifiitii fi haadha ifii ka abaaru ijjeefamuu ti› jedhee ajajeera. \v 11 Isin ammoo nami abba'aa fi haadha ifii gargaaru'uuf male tokko, isaaniin, wonni silaa isiniif kennu, ‹Qurbaana te'eera› akkas jechuun Waaqaaf kennameera yoo jedhe, \v 12 duuba inni deebi'ee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif waan tokkolle akka godhuuf hin eeyyantanu. \v 13 Aadaa teessan ta wol wolitti daddabarsitane hordofu'uuf jecha Waaqaa lakkittane. Isin waan hedduulle ta tana fakkaattu tolchitan» isaaniin jedhe. \s1 Waan Nama Batteessu \r (Mat. 15:10-20) \p \v 14 Ammaalle Yesuus gumii gara ifii waamee, «Isin martinuu waan ani jedhu caqasa'aatii hubadha'a! \v 15 Wonni alaa gara afaan namaa seenu tokkolle nama hin batteessu; wonni afaan namaa keessaa bawu ammoo nama batteessa. [ \v 16 Gurra dhage'u nami qabu dhage'uu ti]» isaaniin jedhe. \p \v 17 Yennaa Yesuus gumii dhiisee gara manaa seene, barattooti isaa akka inni mammaassa kana hiiku isa gaafatane. \v 18 Inni ammoo, «Isinille akkuma worra kaanii adoo hin hubatin jirtanii? Wonni alaa gara gadhaa namaa galu maraa nama batteessiisa akka hin dandeenne isin hin hubattanuu? \v 19 Sagaleen gara qalbii namaa hin seentu; gara gadhaa namaa seentee nafa keessaa baati» isaaniin jedhe. Tana jechu'uun sagaleen martinuu nyaataaf qullittii akka teete beessise. \p \v 20 Yesuus itti aansee, «Waan qalbii namaa keessaa bawutti nama batteessa. \v 21 Wonni qalbii namaa keessaa bawu: yaada hamaa, sagaagaluu, hatuu, ijjeesuu, \v 22 gaarayyeeffatuu, joljoluu, hammeenna, sobuu, fariisaa, hinaaffaa, maqaa balleessuu, kooru'uu fi gowwu'u. \v 23 Wonni hantuun tun mara qalbii namaa keessaa baatee nama batteessiti» jedhe. \s1 Dhugeeffannaa Dubartii Takkaa \r (Mat. 15:21-28) \p \v 24 Yesuus achii deemee gara biyya Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqee, mana tokko seene. Akka inni achi jiru eennulle akka beekuuf hin barbaanne; ammoo dhokatiisaaf hin dandeenne. \v 25 Dubartiin takka, ta intalti isi'ii ayyaana hama'aan qabanteertu, gurra Yesuusii dhageettee, dhuttee miila isaatitti jidde. \v 26 Dubartittiin tun nama Giriikii ti; isiin lafa Finiqee jedhantu ta biyya Sooriya'aa keessatti dhalatte. Isiin akka durriisa intala isi'ii keessaa baasuuf Yesuus kadhatte. \v 27 Yesuus ammoo, «Me qara ijoolleen nyaattee quuttuu ti; sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun dansa'aa moti» isi'iin jedhe. \p \v 28 Isiin ammoo deebittee, «Goottaa kiyya, sareelle harcaa qorii ijoolle'ee keessaa harcaate nyaatti» jetteen. \p \v 29 Yesuus deebisee, «Waan akkas dubbatteef, durriisi intala teeti keessaa bayeera; gara mana keetii deemi» isi'iin jedhe. \v 30 Dubartittiin gara manaa deebitee galtee, intala isi'ii keessaa durriisi bayee, taqee irra irkatteertuun dhaggite. \s1 Yesuus Namicha Gurra Duuda'aa Fayyise \r (Mat. 15:32-39) \p \v 31 Achiin duuba Yesuus biyya adaala qachaa Xiiroosiitii ka'ee, karaa Sidooniitiin dabaree, biyya qachoota kudhan jedhantu keessa bayee, gara abbaayaa Galiila'aa dhaqe. \v 32 Jarri takka, namicha gurra duuda'aa ka gikkisu tokko, gara Yesuusii fiddee, akka inni harka ifii isa irra kewuuf kadhatte. \p \v 33 Yesuus namicha san gumii keessaa qofitti baasee, quba ifii gurra isaa keessa keyee, tufee arraba namichaa tuqe; \v 34 gara ol-gubba'aa ol ilaalee hafuura gabbaa baafatee, «Efaataa» isaan jedhe. Akkas jechuun, «Banami!» jechu'u. \v 35 Yennuma san, gurri namichaa banamee, arrabi isaalle hiikamee akka dansaa dubbate. \p \v 36 Yesuus waan kana nama tokkolle'etti akka hin hinne isaan seere; isaan ammoo adoo inni isaan seeruu, ittuma caalchisanee odeessane. \v 37 Worri dhage'ane mara waan kana akka malee jajanee, «Wonni inni tolchu marti dansa'a! Worri gurra duude akka dhage'u, worri afaan duude akka dubbatu hin tolcha» jedhane. \c 8 \s1 Yesuus Nama Kuma Afur Areere \r (Mat. 15:32-39) \p \v 1 Gaafa tokko gumiin guddoon dhibiin Yesuus biratti wolitti qabante. Isaan waan nyaatanu dhabanee jennaan Yesuus barattoota ifii waamee, \v 2 «Kolbaan tun guyyaa sadiin na woliin turteerti; sagaleelle waan hin qanneef, ani isaaniif hin naya. \v 3 Isaan keessaa lafa fago'ootii worri dhufane waan jiranuuf, adoo isaanii womaa hin areerin gara manaa gala'aa yoo jedhe, kara'atti hin gaggaban» jedhe. \p \v 4 Barattooti isaa deebisanee, «Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee kolbaa haganaa areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen. \v 5 Yesuus, «Daabboo xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafannaan, isaan, «Xaltaa torba» jedhaneen. \p \v 6 Inni gumiin sun lafa irra akka teettu ajajee, xaltaa torba san fuudhee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, gumii saniif akka qoodanu barattoota ifiititti kenne; isaanille gumii saniif qoodane. \v 7 Isaan qurxummii\f + \fr 8:7\fr*\fqa Qurxummii: \fqa*\ft Qulxummii\ft*\f* diqqoo tokkolle qaban. Yesuus qurxummii saniifille Waaqaaf galata galchee, akka qoodanu barattoota ifiititti hime. \v 8-9 Gumiin haga namoota kuma afurii sun martinuu nyaattee quuttee, hambaa hatte kollonjoo gugurdoo torba guutuu fuudhane. Yesuus akkuma kolbaa ifi irraa galcheen, \v 10 barattoota woliin hoboloo yaabbatee gara aanaa Dalmaanuta'aa dhaqe. \s1 Worri Fariisaayotaa Beessisa Gaafate \r (Mat. 16:1-4) \p \v 11 Fariisaayoti gara Yesuusii dhufanee, isa woliin mormiisa jalqabane. Isaan isa haga ilaaluu fedhanee, beessisa ol-gubba'aa akka isaanitti mudhisuuf gaafatane. \v 12 Inni ammoo hafuura gabbaa baafatee, «Dhalooti kun maaf beessisa gaafata? Ani dhugumaan isiniin jedha, dhaloota kanaaf beessisi hin kennamu!» jedhe. \v 13 Achiin duuba inni isaan lakkisee, ammalle hoboloo yaabbatee, gara abbaayaan gamaa bu'e. \s1 Uukoo Fariisaayotaatii Fi Heroodisii \r (Mat. 16:5-12) \p \v 14 Barattooti sagalee fidatiisa dedhanee, hoboloo keessatti xaltaa tokko callaa qaban. \v 15 Yesuus isaaniin, «Ilaalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Heroodisii irraa ifi eegadha'a!» jedhee ifi eeggachiise.\x - \xo 8:15 \xo*\xt Luq. 12:1\xt*\x* \v 16 Isaan wol woliin, «Inni waan nuuti sagalee hin qanneef akkana jedha» jedhanee dudubbatane. \p \v 17 Yesuus yaada isaanii beekee, «Maaf waan dhaba sagalee teessanii dudubbattan? Isin haga ammaa hin beennee? Qalbii hin qaddanuu? \v 18 Adoo ila qaddanuu hin dhaggitanuu? Adoo gurra qaddanuu hin dhageettanuu? Isin hin qalbeeffattanuu? \v 19 Yennaa ani daabboo xaltaa shanan namoota kuma shaniif caccasse, hambaa hatte kollonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Kudhanii lama» jedhanee deebisane. \p \v 20 Yesuus itti aansee, «Yennaa xaltaa torba nama kuma afuriif caccasse, hambaa hatte kollonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Torba» jedhaneen. \v 21 «Isin ammalle hin hubattanuu?» jedhee gaafate. \s1 Yesuus Beetisayida'atti Nama Ballaa Tokko Fayyise \p \v 22 Yesuusii fi barattooti isaa gara Betsayida'aa dhufane. Jarri takka achitti namicha ballaa tokko gara Yesuusii fiddee, akka inni namicha harkaan tuquuf kadhatte. \v 23 Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee, ollaa keessaa diidatti baasee, ila namichaatitti tufee, harka ifii irra keyee, «Wo dhaggitaa?» jedhee gaafate. \v 24 Namichi midhatee ilaalee, «Ee, namoota dhaggaara; ammoo akka muka ideemuu natti fakkaatan» jedhe. \p \v 25 Yesuus ammalle harka ifii ila namichaa irra keye. Yennaa tana namichi hubatee ilaale. Ilti isaa fayyitee waan maraa miidhassee dhagge. \v 26 Kanaan duuba Yesuus, «Olla'atti hin deebi'in» jedhee namicha gara mana isaa galche. \s1 Pheexroos Ebeluu Yesuusii Hime \r (Mat. 16:13-20; Luq. 9:18-21; Yoh. 6:66-71) \p \v 27 Yesuusii fi barattooti isaa gara olloota adaala Qiisaariyaa Filiphoosii dhaqane. Inni adoo ideemanuu kara'atti, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate. \v 28 Isaanille, «Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; kuun ammoo raagota keessaa tokko si'iin jedhan» jedhanee deebisaneef. \v 29 Yesuus, «Isin hoo, eennu anaan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoos» jedheen.\x - \xo 8:29 \xo*\xt Yoh. 6:68-69\xt*\x* \p \v 30 Yesuus waan isaa eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan seere. \s1 Yesuus Marroo Rakko'oo fi Du'a Ifii Dubbate \r (Mat. 16:21-28; Luq. 9:22-27) \p \v 31 Yesuus, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddoo hin rakkata. Inni jibbamee hin ijjeefama; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhee barattoota ifii barsiise. \v 32 Inni dubbii tana isaaniif ifa tolchee dubbate. Pheexroos ammoo Yesuus cina'atti fuudhee, waan akka sanii san akka hin dubbanne dhoogge. \v 33 Inni ammoo garagalee barattoota ifii ilaalee, Pheexroosiin, «Seexana, na irraa bayyadhu! Ati akka namaa malee, akka Waaqaa hin yaadattu» jedhee xixe. \p \v 34 Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota gara ifii waamee, «Eennulle na hordofiisaaf yoo barbaade, waan ifii lakkisee, fannoo ifiille ba'atee, na hordofuu ti. \v 35 Nami jiruu ifii fayyifatiisa fedhu hin dhaba; nami anaa fi Oduu Gammadaatiif\f + \fr 8:35\fr*\fqa Oduu Gammadaatiif: \fqa*\ft Wongeelaaf\ft*\f* jedhee jiruu ifii dhabu ammoo, jiruu ifii hin fayyifata. \v 36 Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati? \v 37 Nami wodoo lubbuu ifiitiif maan kennuu dande'a? \v 38 Nama dhaloota gaarayyeeffata'aa\f + \fr 8:38\fr*\fqa Dhaloota gaarayyeeffataa: \fqa*\ft Dhaloota hin addatane, dhaloota gara gaggalaa\ft*\f* fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata» jedhe. \c 9 \p \v 1 Yesuus itti dabalee, «Dhugumaan isinitti hima; namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa, adoo hin du'in mootummaan Waaqaa, hunnaan dhutteertuun worri dhaggu jira» jedhe. \s1 Bifa Jijjiiramuu Yesuusii \r (Mat. 17:1-13; Luq. 9:28-36) \p \v 2 Yesuus guyyaa jaan duuba, Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis fudhatee, ol gara gaara tokkoo qofitti baase. Achitti inni isaan duratti jijjiiramee, \v 3 woyaan isaa eennulle nami lafa irraa ka woyaa borcu tokko dande'ee haga addeessuun caalaa adii calkii\f + \fr 9:3\fr*\fqa Addii calkii: \fqa*\ft Adii dhaatii\ft*\f* teete. \v 4 Achiin duuba barattooti sadiin Eliyaasii fi Muuseen Yesuus woliin haasowanuun dhaggane. \p \v 5 Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna nu'uuf dansa'a! Kowa'a gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarraa» jedheen. \v 6 Isaan akka malee waan sodaataneeranuuf, Pheexroos waan dubbateeyyuu hin beenne. \p \v 7 Achiin duuba duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle. Duumensa keessaa qoonqoon, «Kun Ilma kiyya ka an jaaladhu, isa dhage'aa!» jette. \v 8 Yennuma san yennaa isaan adaala ifii ilaalanu Yesuus qofa ifi biratti dhaggane malee, nama dhibii eennulle hin dhaggine. \p \v 9 Yesuusii fi barattooti isaa gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan dhaggitane, nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee barattoota ifii seere. \p \v 10 Isaan dubbii isaa fudhatane; ammoo, «Du'aa ka'iis kun maan inni?» jedhanee wol gagaafatane. \v 11 Barattooti isaa, «Maaf barsiisoti seeraa, ‹Eliyaasitti dursee dhufa› jedhan?» jedhanee Yesuus gaafatane. \p \v 12 Yesuus deebisee, «Akka waan mara miidhassuuf dhugumaan Eliyaas hin dhufa; ammoo Ilmi Namaa akka guddoo rakkatuu fi jibbamuu ta barreeffante ho ree? \v 13 Ani ammoo isinitti hima; Eliyaas dhufeera; akkuma waan isaatiif barreeffantetti, namooti waanuma fedhane isa tolchane» jedhe. \s1 Yesuus Mucaa Ayyaana Hama'aan Qabame Fayyise \r (Mat. 17:14-21; Luq. 9:37-43) \p \v 14 Yesuusii fi barattooti sadiin, gara barattoota taanii yennaa deebi'anee dhufane, gumiin guddoon isaan marsitee, barsiisoti Seera Muuse'ee isaan woliin moromanuun dhaggane. \v 15 Gumiin sun yennaa Yesuus dhaggite, akka malee maadeffattee, gara isaa rukkittee nageya fuute. \v 16 Yesuus, «Wonni isin irratti wol morontanu maan inni?» jedhee isaan gaafate. \p \v 17 Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisa'a! Mucaan kiyya durriisa afaan duuchuun qabameeruun gara keeti fideera. \v 18 Yennaa durriisi itti ka'u mara lafatti isa dhowa; afaan hoomacheessa, ilkaan qarsiisa, nafi isaalle sooree goga. Ani akka barattooti teeti durriisa kana baasanuuf gaafannaan, isaan ammoo hin dandeenne» jedhe. \v 19 Yesuus deebisee, «E! Isin dhaloota hin dhugeeffanne! Haga yoomii isin bira jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida'a!» isaaniin jedhe. \v 20 Isaanille mucaa san gara Yesuusii fidane. Durriisi akkuma Yesuus dhaggeen, mucaa gajassiisee, lafatti dhowee, gangalachiisee, hoomacha afaanii yaasisiise. \v 21 Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana te'a?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aa deebisee, «Ijoolluma'aan jalqabee ti. \v 22 Yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessa buusaa isa ijjeesiisaaf wodhaaneera. Ati ammoo yoo dandeette, maganne'ee nu'uuf nayiitii nu gargaar» jedhe. \p \v 23 Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? Nama dhugeeffannaa qabuuf wonni marti hin dande'anti» jedhee deebise. \p \v 24 Yennuma san abbaan muca'aa, «Ani dhugeeffannaa hin qaba. Ammoo ta caalte akka qabaadhuuf na gargaar!» jedheen. \v 25 Yesuus gumiin ariifattee itti dachaatuun yennaa dhagge, ayyaana hama'aan, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebiteelle itti hin deebi'in» jedhee isa xixe. \p \v 26 Ayyaanni mucaa iyyisiisee, gajassiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa teenaan, namooti hedduun, «Du'eera» jedhane. \v 27 Yesuus ammoo mucaa harka qabee lafaa ol kaase; innille ol ka'ee dhaabbate. \p \v 28 Yesuus gara manaa seeneen duuba, barattooti isaa, «Nuuti ayyaana hamaa san maaf baasuu dadhanne?» jedhanee qofitti isa gaafatane. \p \v 29 Inni ammoo deebisee, «Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan\f + \fr 9:29\fr*\fqa Laamaan: \fqa*\ft Woraabbiin gariin laamaan ka jedhu hin dabalanu\ft*\f* malee hin bawu» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Ammalle Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Dubbate \r (Mat. 17:22-23; Luq. 9:43-45) \p \v 30-31 Yesuusii fi barattooti isaa addee san lakkisanee Galiilaa keessa dabarane. Yesuus, «Ilmi Namaa harka worra isa ijjeesuutitti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin ijjeesan; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhaa barattoota ifii waan barsiisiisatti jiruuf, eennulle addee inni jiru akka beekuuf hin barbaanne. \v 32 Isaan ammoo wonna inni barsiise kana hin hubanne; isa gaafachu'uufille sodaatane. \s1 Ka Caalu Eennu Laati? \r (Mat. 18:1-5; Luq. 9:46-48) \p \v 33 Yesuusii fi barattooti isaa Qifirnaahoom dhaqanee, mana geyaneeranuun duubatti Yesuus, «Kara'atti wonni isin irratti wol morontane maan inni?» jedhee isaan gaafate. \v 34 Isaan ammoo, «Nu keessaa ka caalu eennu laati?» jedhanee waan wol moromaneeranuuf cadhisane.\x - \xo 9:34 \xo*\xt Luq. 22:24\xt*\x* \v 35 Yesuus tee'een duuba barattoota kudhanii lamaan gara ifii waamee, «Nami caalaa namaa te'iisaaf barbaadu, gadee namaa te'ee, tajaajilaa nama maraa te'uu ti» jedhe. \p \v 36 Achiin duuba Yesuus daa'ima tokko fuudhee isaan dura dhaabbachiise. Inni isa habbaarratee, \v 37 «Eennulle ka daa'ima diqqaa akkanaa kana maqaa kiyyaan fudhatu, na fudhata; eennulle ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata malee na calla'aa moti» isaan jedhe. \s1 Nami Nu'uun hin Mormine Golii Teenna \r (Luq. 9:49-50) \p \v 38 Yohaannis Yesuusiin, «Barsiisa'a, namicha tokko, ka maqaa keetiin durriisota baasu dhagginee, waan inni golii teenna te'uu dhabeef, nuuti ammoo isa dhooggine» jedheen. \p \v 39 Yesuus ammoo, «Nami maqaa kiyyaan baasa hojjatee deebi'ee ammoo, dafee hantuu tiyya dubbatu waan hin jirreef, isa hin dhooggina'a. \v 40 Nami nu'uun hin mormine golii teenna. \v 41 Ani dhugumaan isiniin jedha, isin kiyya waan teetaneef, maqaa kiyyaan nami bisaan unto'oo xuuxxoo tokko isinii kennu gatii qaba. \s1 Ataabiisa \r (Mat. 18:6-8; Luq. 17:1,2) \p \v 42 «Eennulle worra didiqqaa na hordofu kana keessaa tokkochi akka cubbuu tolchanuuf ataabiisaa\f + \fr 9:42\fr*\fqa Ataabiisaa: \fqa*\fqa Sababa te'iisaa, nunnusiisaa\fqa*\f* mannaa, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee abbaayaa guddo'otti adoo gatamee isaa woyya. \v 43 Harki keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaannee galiisaa mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya.\x - \xo 9:43 \xo*\xt Mat. 5:30\xt*\x* [ \v 44 Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.]\f + \fr 9:44\fr*\ft Woraabbiin gariin laakkossa 44 fi 46 hin qabanu\ft*\f* \v 45 Miilli keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; miila lamaan qabaattee gara qile'ee gatamu'uu mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya. [ \v 46 Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.] \v 47 Ilti teeti akka cubbuu tolchituuf yoo si ataadde ifi keessaa baasi; ila lamaan qabaattee gara qile'ee gatamu'uu mannaa, ila takkattii callaa qabaattee mootummaa Waaqaa galuu si'iif woyya.\x - \xo 9:47 \xo*\xt Mat. 5:29\xt*\x* \v 48 Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu. \v 49 Nami martinuu ibiddaan kurowa.\f + \fr 9:49\fr*\ft Hiikkaan gariin akkuma ciincaan sooddaan qullowu, namille ibiddaan hin qullowa jedha\ft*\f* \p \v 50 «Sooddi waan dansa'a; ammoo yoo inni kuraa ifi keessaa dhabe, maaniin isa deebittanee kureessitan ree?\x - \xo 9:50 \xo*\xt Mat. 5:13; Luq. 14:34-35\xt*\x* \p «Soodda ifi keessatti qabaadha'a; wolii keessaniifille nageya qabaadha'a!» jedhe. \c 10 \s1 Yesuus Dhirsaa Fi Niitiin Akka Wol Hin Lakkinne Barsiise \r (Mat. 19:1-12; Luq. 16:18) \p \v 1 Yesuus addee sanii ka'ee gara biyya Yihuda'aatii fi laga Yordaanosiitiin gama dhaqe. Ammalle gumiin guddoon gara isaa dachaanaan, inni akkuma aadaa ifii isaan barsiise. \p \v 2 Worri Fariisaayotaa tokko tokko Yesuus dubbi'iin xaqariisaaf\f + \fr 10:2\fr*\fqa Xaqariisaaf: \fqa*\ft Qaxafiisaaf\ft*\f* fedhanee, gara isaa dhufanee, «Nami tokko ibidda ifii baasuun seeraa?» jedhanee gaafatane. \p \v 3 Yesuus deebisee, «Seerri Muuse'ee maan jedha?» isaaniin jedhe. \p \v 4 Isaan deebisanee, «Muuseen ‹Nami tokko woraqata lakkeessaa\f + \fr 10:4\fr*\fqa Woraqata lakkeessaa: \fqa*\ft Akkuma Gujiin dibee ibidda ifii galchu, bara san woraqata lakkeessaa barreessanee ibidda ifii lakkisan yookiin galchan\ft*\f* barreessee akka lakkisuuf eeyyameera› » jedhane.\x - \xo 10:4 \xo*\xt Mat. 5:31\xt*\x* \p \v 5 Yesuus deebisee, «Muuseen sababa mataa jabeenna keessaniitiif seera kana isinii barreesse. \v 6 Jalqabatti yennaa dadi dadantu, ‹Waaqi dhiiraa fi dubartii dade;› \v 7 ‹Waan kanaaf nami tokko abba'aa fi haadha ifii lakkisee ibidda ifii woliin wol qabatan. \v 8 Isaan lachuu tokko te'an.› Maarre yoona isaan foon tokko malee lamaanii moti. \v 9 Waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin!» isaaniin jedhe. \p \v 10 Yennaa deebi'anee galane, manatti barattooti isaa dubbii tana isa gaafatane. \v 11 Inni deebisee, «Eennulle ka ibidda ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu, ibidda ifii dassee gaarayyeeffata. \v 12 Akkasuma dubartiin abbaa manaa ifii jalaa baatee, nama dhibii heerumtu takka hin gaarayyeeffatti» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Ijoollee Didiqqoo Eebbise \r (Mat. 19:13-15; Luq. 18:15-17) \p \v 13 Namooti gariin akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee eebbisuuf, ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti ammoo isaan dheekkamane. \v 14 Yesuus yennaa waan kana dhagge aaree, «Mootummaan Waaqaa waan ta worra akka ijoollee tanaa teeteef, ijoolleen gara kiyya dhuttuutii, hin dhooggina'aa lakkisa'a! \v 15 Ani dhugumaan isinitti hima; eennulle mootummaa Waaqaa akka ijoolleen takka fudhattutti ka hin fudhanne, itti hin galu» jedhe.\x - \xo 10:15 \xo*\xt Mat. 18:3\xt*\x* \v 16 Achiin duuba ijoollee habbaarratee harka ifiitiin qaqqabee, isaan eebbise. \s1 Namicha Dureessa Tokko \r (Mat. 19:16-30; Luq. 18:18-30) \p \v 17 Yesuus ideemiisaaf ka'ee kara'atti bayeeruun, namichi tokko gara isaa fiigee, isa duratti jilbiiffatee, «Barsiisaa dansa'a! Jiruu bara baraatitti galiisaaf ani maan tolchu'uu male?» jedhee gaafate. \p \v 18 Yesuus deebisee, «Maaf barsiisaa dansa'a naan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru. \v 19 Ati seera ‹Hin ijjeesin, hin gaarayyeeffatin, hin hatin, dharaan nama irratti dhugaa hin bayin, hin sobin, abbaa keetii fi haadha teetiif ulfinna kenni› jedhu hin beetta» jedheen. \p \v 20 Namichi deebisee, «Barsiisa'a! Ani seera kana mara ijoollumma'aanuu jalqabee eegadheera» jedheen. \p \v 21 Yesuus isa hubatee ilaalee jaalatee, «Waan tokko calla'atti si irraa dhidhate. Dhaqii, waan qaddu gurguriitii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, ol-gubba'atti hin duroontaa; achiin duuba koyiitii na hordofi!» jedheen. \v 22 Namichi yennaa dubbii tana dhage'ee karra guddoo waan qabuuf, fuula ifii gurraachessee, gaddee achii deeme. \p \v 23 Yesuus adaala ifii ilaalee barattoota ifiitiin, «Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam rakkisa'a!» jedhe. \v 24 Barattooti dubbii tana rifatane. Yesuus ammoo ammalle, «Ijoollee tiyya mootummaa Waaqaatitti galiisi attam attam rakko'o! \v 25 Nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra gaalli qowa limmo'oo\f + \fr 10:25\fr*\fqa Limmo'oo: \fqa*\ft Marfe'ee\ft*\f* keessa hulluuqiisatti kaso'oo» isaaniin jedhe. \p \v 26 Barattooti Yesuusii akka malee dubbii tana baaseffatanee, «Yoona eennutti fayyuu dande'a ree?» jedhanee wol gagaafatane. \p \v 27 Yesuus gara isaanii ilaalee, «Tun Waaqaaf malee namaaf hin dande'antu; Waaqaaf wonni maraa hin dande'anti» jedhe. \p \v 28 Jennaan Pheexroos, «Kunoo, nuuti waan maraa lakkinnee si hordonneerra» jedheen. \p \v 29 Yesuus deebisee, «Dhugumaan isinitti hima; eennulle mana yookiin obboleeyyan yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin fichaa anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee ka lakkise, \v 30 lafuma tanatti manoota, obboleeyyan, obboleettota, haadhotii, ijoolle'ee fi fichoota harka dhibbaan caalaa miidhaa woliin hin fudhata; lafa dhuttulle'etti jiruu bara baraa hin qabaata. \v 31 Ammoo worri hedduun amma dura jiranu, worra duubaa hin te'an; worri hedduun amma duuba jiranu worra duraa hin te'an» jedhe.\x - \xo 10:31 \xo*\xt Mat. 20:16\xt*\x* \s1 Yesuus Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Sadeessoo Dubbate \r (Mat. 20:17-19; Luq. 18:31-34) \p \v 32 Yesuusii fi barattooti isaa Yerusaalem dhaqiisaaf kara'atti bayanee ol qabatanuun, Yesuus isaaniin dura ideemuun, barattooti maadeffatanee, worri duubaan hordofiisatti jirulle sodaatane. Inni ammoo worra kudhanii lamaan ammalle maddi'itti baasee, waan isatti dhufu'uuf jiru isaanitti hime. \v 33 Inni isaaniin «Kunoo, gara Yerusaalemii ol bayaarra; Ilmi Namaa harka sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee hin kennama. Isaan du'a itti muranee, worra Yihudoota hin te'initti\f + \fr 10:33\fr*\fqa Worra Yihudoota hin te'initti: \fqa*\ft Ormatti\ft*\f* dabarsanee isa hin kennan; \v 34 isaan isa hin ceeggatan, itti hin tufan, dhaananee hin ijjeesan; ammoo guyyaa sadiin duuba du'aa hin ka'a» jedhe. \s1 Gaaffii Ilmaan Zabdewoosii \r (Mat. 20:20-28) \p \v 35 Ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanee, «Barsiisa'a! Nuuti akka ati nuuf tolchituuf waan barbaannutti jira» jedhaneen. \p \v 36 Yesuus, «Akka ani isinii tolchuuf wonni isin barbaaddanu maan isiin?» isaaniin jedhe. \v 37 Isaan deebisanee, «Yennaa barcumaa keeti ka mootummaa ulfinnaa irra teette, tokko midda keetitti, tokko bitaa keetitti akka teennu barbaanna» jedhaneen. \p \v 38 Yesuus ammoo, «Isin waan gaafattanu hin beettanu! Muduunuu\f + \fr 10:38: \fr*\ft Muduunuu: \ft*\ft Buduunuu, kobolaa\ft*\f* rakko'oo ta ani itti unutti unuu hin dandeettanii? Akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe.\x - \xo 10:38 \xo*\xt Luq. 12:50\xt*\x* \p \v 39 Isaan, «Hin dandeenna» jedhaneen. \p Yesuus, «Isin dhugumaan muduunuu ani itti unutti unuu hin dandeettan, akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan. \v 40 Middaa fi bitaa kiyyatti filee ka teessisu ammoo anaa moti; addee tana worra qophootteertuuf ka kennu Waaqa» isaaniin jedhe. \p \v 41 Barattooti kudhan hafane kuun yennaa waan kana dhage'ane, Yaaqoobii fi Yohaannisitti aarane. \v 42 Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, «Mootoleen worra Yihudoota hin te'inii, worra mowanu hunnaan akka mowanu, bulchooti isaaniille baallii guutu'uun akka bulchanu isinuu hin beettan. \v 43 Isin oddu'utti ammoo akkas hin te'u; eennulle isin keessaa nama guddaa te'iisaaf ka barbaadu, tajaajilaa keessan te'uu ti. \v 44 Eennulle isin keessaa nama namaan duraa te'iisaaf ka barbaadu, garbicha nama maraa te'uu ti. \v 45 Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne» jedhe. \s1 Yesuus Barxiimewoosii Ila Balla'aa Fayyise \r (Mat. 20:29-34; Luq. 18:35-43) \p \v 46 Yesuusii fi barattooti isaa Yerikoo dhaqane. Isaan gumii guddo'oon woliin yennaa Yerikoo lakkisanee bayane, namichi ila balla'aa kadhatichi tokko ka Barxiimewoos jedhamu, ilmi Ximeewoosii karaa qarqara tee'eera. \v 47 Inni Yesuus nama biyya Naaziretii akka te'e yennaa dhage'e, «Yesuus! Ilma Daawitii naaf nayi!» jedhee iyye. \p \v 48 Namooti hedduun isa cadhisiisiisaaf xixane; inni ammoo ittuma caalchisee qoonqoo guddo'oon, «Ilma Daawitii, naaf nayi» jedhee iyye. \p \v 49 Yesuus dhaabbatee, «Isa as waama'a!» jedhe. Jennaan isaan namicha waamanee, «Inni si waamiisatti jira, jabaadhu! Ka'i!» jedhaneen. \p \v 50 Maarre inni geelaa\f + \fr 10:50\fr*\fqa Geelaa: \fqa*\ft Kaabbaa kadhaa\ft*\f* ifi irraa gatee, utaalee ka'ee, gara Yesuusii dhufe. \p \v 51 Yesuus, «Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan deebisee, «Barsiisa'a! Ani dhaggiisaaf barbaada» jedheen. \p \v 52 Yesuusille isaan, «Dhugeeffannaan teeti si fayyicheerti deemi!» jedhe. \c 11 \s1 Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene \r (Mat. 21:1-11; Luq. 19:28-40; Yoh. 12:12-19) \p \v 1 Isaan akkuma Yerusaalemitti dhikaataneen, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti, gaara Ejersaa bira geyane. Yesuus barattoota ifii keessaa nama lamaaniin, \v 2 «Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida\f + \fr 11:2\fr*\fqa Mandiida: \fqa*\ft Ijjumaa ka irra tee'anee hin beenne\ft*\f* hidhameeruun hin dhaggitan; hiika'aatii as fida'a. \v 3 Eennulle ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gootta'atti barbaada; inni adoo hin turin hin deebisa› jedha'aan» jedhee erge. \p \v 4 Maarre isaan dhaqanee, ilmayyoo harre'ee balbala takka duratti, karaa qarqaratti hidhameeruun dhaggane. Adoo isaan hiikiisatti jiranuu, \v 5 worra achi dhaabbataneeranu keessaa namooti gariin, «Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?» jedhanee isaan gaafatane. \v 6 Barattootille waan Yesuus jedhe isaanitti himane; isaanille lakkisane. \v 7 Barattooti ilmayyoo harre'ee gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii harree irra buusane; innille irra tee'e. \v 8 Nami hedduun uffana ifii, worri dhibiin dameelee baalaa raaqaa caccassanee karaa irratti afane. \p \v 9 Worri dura ideemanuu fi worri duubaan hordofanu, «Hosaa'inaa!\f + \fr 11:9\fr*\fqa Hosaa'inaa: \fqa*\ft Hosaa'inaa jedhuun fayyisi jechuu yennaa te'u, asitti ammoo Waaqi galatoomu yookiin hashuu yaada jedhulle qaba\ft*\f* maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame! \v 10 Mootummaan abbaa keenna Daawitii ta dhuttu ta eebbifante! Ol-gubba'atti Hosaa'inaa!» qoonqoo guddo'oon jedhane. \p \v 11 Yesuus Yerusaalem geyee, Galma Waaqaa dhaqee, waan adaala sanii mara ilaale. Ammoo waan dhiiteertuuf barattoota ifii kudhanii lamaan wolii gara Bitaaniya'aa dhaqe. \s1 Yesuus Muka Harru'uu Tokko Abaare \r (Mat. 21:18-19) \p \v 12 Guyyaa lammeesso'oo yennaa isaan Bitaaniya'aa deebi'anu Yesuus beelaye. \v 13 Inni harruu urruuba takka fago'otti dhaggee, midhaan irraa dhaggadhaa laati jedhee, ilaaliisaaf dhaqe. Ammoo inni yennaa isii bira geye, yennaan sun yennaa harruun midhaan buuttu waan te'uu dhabeef, baala malee waan tokkolle irraa dhabe. \v 14 Maarre Yesuus harruu saniin, «Eennulle ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin nyaatin!» jedhe. Barattooti isaalle waan inni jedhe kana dhage'ane. \s1 Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe \r (Mat. 21:12-17; Luq. 19:45-48; Yoh. 2:12-22) \p \v 15 Yennaa isaan Yerusaalem geyane, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee, worra Galma Waaqaa keessatti wo bituu fi gurguratu mara gad yaase. Inni Xarapheessaa worra birrii jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garaggaggalchee, \v 16 eennulle dalleya Galma Waaqaa keessa meya tokkolle ba'atee akka hin qaxxaamurre dhoogge. \v 17 Achiin duuba inni, « ‹Manni kiyya gosa maraafuu mana daadimataa te'a› jedhamee barreeffameera. Isin ammoo goda hattuun itti dhokattu tolchitane» jedhee kolbaa barsiise. \p \v 18 Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhage'anee, mala isa ittiin ijjeesanu barbaadiisatti ka'ane. Waan gumiin barsiisa isaa akka malee baaseffatteertuuf, isaan isa sodaatane. \p \v 19 Galgala san, Yesuusii fi barattooti isaa qacha'aa bayane. \s1 Gogiisa Muka Harru'uu \r (Mat. 21:20-22) \p \v 20 Guyyaa lammeesso'oo ganama, adoo karaa san dabaranuu, harruun hidda isi'ii mara woliin goddeertuun dhaggane. \v 21 Pheexroos waan Yesuus harru'uun jedheeru qaabatee, «Barsiisa'a, ilaali! Harruun ati abaarte goddeerti» Yesuusiin jedhe. \p \v 22 Yesuusille deebisee, «Waaqatti dhugeeffadha'a. \v 23 Dhugumaan isiniin jedha; eennulle gadhaa ifiititti adoo hin mamin gaara kanaan, ‹Asii ka'iitii, gara abbaaya'aa ifi darbi!› yoo jedhe, wonni inni jedhulle akka teetuuf yoo dhugeeffate, wonni sun isaaf hin teeti.\x - \xo 11:23 \xo*\xt Mat. 17:23; 1 Qor. 13:2\xt*\x* \v 24 Tanaaf ani isinitti hima; yennaa daadimattanuu fi waan tokko gaafattanu, akka fudhattaneetitti dhugeeffadha'a; wonni gaafattanu mara isiniif hin kennama. \p \v 25 «Yennaa daadimatiisaaf kaatanee dhaabbattanu, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan akka isinii araaramu, eennulle irratti quuqaa yoo qabaattane araarama'a.\x - \xo 11:25 \xo*\xt Mat. 6:14-15\xt*\x* [ \v 26 Ammoo yoo isin namaa araaramuu diddane, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan isinii hin araaramu]\f + \fr 11:26\fr*\ft Woraabbiin gariin laakkossa 26 hin qabanu\ft*\f*» jedhe. \s1 Gaaffii Marroo Baallii Yesuusii \r (Mat. 21:23-27; Luq. 20:1-8) \p \v 27 Isaan ammalle Yerusaalemitti deebi'ane. Yesuus Galma Waaqaa keessa adoo deddeemuu, sooreyyii hayyootaa, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoleen gara isaa dhufanee, \v 28 «Waan kana mara tolchiisaaf baallii maanii qadda? Waan kana mara akka tolchituuf eennutti baallii tana si'iif kenne?» jedhane. \p \v 29 Yesuus deebisee, «Ani waan tokko isin gaafadha; yoo naaf deebittane, anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hima. \v 30 Yohaannis akka cuuphuuf baallii eennutti kenneef? Waaqa mo'o nama? Me naaf deebisa'a!» isaaniin jedhe. \p \v 31 Isaan wol mormanee, «Waaqa yoo jenne, ‹Maaf dubbii Yohaannisii dhugeeffata diddane ree?› nu'uun jedha; \v 32 ‹Nama jennuu ree?› » jedhane. Nami mara Yohaannis akka dhugumaan raagichaatitti waan fudhateeruuf, kolbaa sodaatane. \v 33 Tanaaf isaan Yesuusiin, «Nuuti hin beennu» jedhane. Yesuus deebisee, «Maarre anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hin himu» isaaniin jedhe. \c 12 \s1 Mammaassa Qonnaan Bultoota Fichaa Woyni'ii \r (Mat. 21:33-46; Luq. 20:9-19) \p \v 1 Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba qonnaan bultootatti kireessee, biyya san lakkisee deeme. \v 2 Yennaan midhaan muka woyni'ii guuranu geennaan, midhaan fudhatiisaaf hojjataa tokko gara qonnaan bultoota ifii erge. \v 3 Qonnaan bultooti sun isa qabanee, dhaananee harka duwwaa ari'ane. \v 4 Abbaan muka woyni'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; qonnaan bultooti mataa isaa dachaanee\f + \fr 12:4\fr*\fqa Dachaanee: \fqa*\ft Fadhaansanee\ft*\f* qaanessane. \v 5 Abbaan muka woyni'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; isalle ijjeesane; worra dhibiille akkuma kana kaan dhaananee, kaan ijjeesane. \v 6 Abbaan muka woyni'ii ilma guddoo jaalatu tokko qaba. Muummee irratti, ‹Ilma kiyya hin ulfeessan› jedhee, isa gara isaanii erge. \v 7 Qonnaan bultooti sun ammoo, ‹Ka abbaa fichaa muka woyni'ii dhaalu isaa kana; kowa'a isa ijjeennaa, dhaalli nu'uuf hin te'a› woliin jedhane. \v 8 Maarre isaan ilma abbaa fichaa muka woyni'ii qabanee ijjeesanee, fichaa woyni'ii keessaa alatti qolaansane. \p \v 9 «Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan godha ree? Inni hin dhufa; qonnaan bultoota san hin ijjeesa; fichaa muka woyni'ii san, worra dhibi'itti hin kennata. \v 10 Isin Barreeffama Woyyicha keessatti ‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te'e. \v 11 Wonni kun waan Goottaan tolche; ila teennalle'etti waan baasaa ti;› ta jettu hin dubbinnee?» jedhee gaafate. \v 12 Bulchitooti Yihudootaa mammaassa kana akka Yesuus isaaniif mammaake beekanee, isa qabiisaaf barbaadane; ammoo gumii waan sodaataneef isa lakkisanee deemane. \s1 Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibiraa \r (Mat. 22:15-22; Luq. 20:20-26) \p \v 13 Isaan waan inni dubbatuun isa xaqaru'uuf jedhanee, worra Fariisaayotaatii fi golii Heroodisii keessaa jara tokko Yesuusitti ergane. \v 14 Worri ergamane dhufanee, «Barsiisa'a! Akka ati dhugaa dubbattu nuuti hin beenna; nama tokkolle hin sodaattu; karaa Waaqaa dhuga'aan barsiitta malee, nama wol hin caalchittu. Mooticha mootota worra Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Hin kaffalla moo hin kaffallu?» jedhaneen. \p \v 15 Inni ammoo kijiba isaanii beekee, «Isin maaf na xaqariisaaf wodhaantan? Me hin ilaalaa, beesee san fida'a!» jedheen. \p \v 16 Isaan beesee itti finnaan, «Fakki'ii fi maqaan irra jiru kun ka eennuuti?» jedhee gaafate. Isaanille, «Ka mooticha mootota worra Rooma'aa ti» jedhaneen. \p \v 17 Maarre Yesuus isaaniin, «Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!» jedhe; isaanille isa baaseffatane. \s1 Gaaffii Marroo Du'aa Ka'iisaa \r (Mat. 22:23-33; Luq. 20:27-40) \p \v 18 Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhanu gara Yesuusii dhufanee, \v 19 «Barsiisa'a! Muuseen, ‹Nami tokko niitii fuudhee adoo hin uumatin yoo isii irraa du'e, obboleessi isaa dubartii san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti!› jedhee Seera keessatti nu'uuf barreesseera. \v 20 Obboleeyyan torbaan tokko jiran; angafichi isaanii niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin du'e. \v 21 Obboleessi isatti aanulle dubartuma san dhaalee, ijoollee adoo hin uumatin du'e; obboleessi sadeesso'oolle akkasuma isii dhaalee irraa du'e. \v 22 Isaan torbaanuu dubartuma san fuudhanee, ammoo ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. Muummee irratti dubartiin sunille duute. \v 23 Isaan torbaanuu niitumma'aan isii fuudhaneeranii, guyyaa worri du'ane ka'anu isaan keessaa kamiif niitii teeti?» jedhanee isa gaafatane. \p \v 24 Yesuus isaaniin, «Isin akka malee dokonkortane! Maaf akka teete beettanii? Wonni akkana teeteef, isin Barreeffama Woyyicha yookiin hunna Waaqaa hin beettanu. \v 25 Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan akka ergantoota ol-gubba'aa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e. \v 26 Marroo ka'iisa worra du'anee: Kitaaba Muuse'ee keessatti addee waan tusee gubattuu dubbattu hin dubbinnee? Achitti ta barreeffante, Waaqi Muuse'een, ‹Ani Waaqa Abraamii, Waaqa Yisihaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii ti› jedhe. \v 27 Inni Waaqa worra jira'aa ti malee, Waaqa worra du'a'aatii moti. Isin akka malee dokonkortane» jedhe. \s1 Ajaja Guddicha \r (Mat. 22:34-40; Luq. 10:25-28) \p \v 28 Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko yennaa isaan wol mormanu achi jira. Yesuus deebii dansaa akka deebiseef dhaggee, gara isaa dhufee, «Ajaja mara keessaa guddichi kam?» jedhee Yesuus gaafate.\x - \xo 12:28-34 \xo*\xt Luq. 10:25-28\xt*\x* \p \v 29 Yesuus, «Ajaji guddichi, ‹Israa'el, dhage'i! Goottaan Waaqi keenna Goottaa tokkocha. \v 30 Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin› jaaladhu. \v 31 Ajaji guddichi lammeesso'oo, ‹Nama mara akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu kana. Ajaji guddichi isaan lamaan kana caalu ka dhibiin hin jiru» jedhe. \p \v 32 Barsiisaan Seera Muuse'ee Yesuusiin, «Barsiisa'a! Dansaa dubbatte; ‹Goottaa Waaqa tokkocha malee, Waaqi dhibiin hin jiru› jettee ka dubbate dhuga'a. \v 33 Waaqa gadhaa tokkochaan, qalbii takkatti'iin, hunna takkatti'iin jaalatiisii fi ollaa ifii akka mataa ifii jaalatiis, woreega ciinca'aatii fi woreega dhibii Waaqaaf dhiyeessuu caala» jedhe. \v 34 Yesuus akka inni qarumma'aan deebise dhaggee, «Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu» jedheen. Eegii san nami tokkolle gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne. \s1 Gaaffii Marroo Masiihii \r (Mat. 22:24-46; Luq. 20:41-44) \p \v 35 Adoo Galma waaqaa keessatti barsiisiisatti jiruu, «Attamiin barsiisoti Seera Muuse'ee, ‹Mesiihiin ilma Daawitii ti› jechuu dande'an? \v 36 Ayyaanni Woyyichi akka Daawiti, ‹Waaqi Goottaa kiyyaan, diinota keeti miila keeti jalatti, haga Ani si'iif kewutti, midda kiyyatti tee'i› jedhu'uuf akeekeera. \v 37 Daawiti ifiifuu, ‹Goottaa kiyya› jedhee yoo isa waame, attamiin Mesiihiin ilma Daawitii te'uu dande'a?» jedhee gaafate. \p Gumiin guddoon gammadaan isaa dhageette. \s1 Yesuus Barsiisota Seera Muuse'ee Irraa Ifii Eeggachiise \r (Mat. 23:1-36; Luq. 20:45-47) \p \v 38 Yesuus adoo isaan barsiisuu, «Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dheertuu uffatanee asii fi achi deemaa, addee dikko'ootitti akka nageya ulfinnaa isaan fuudhanu jaalatanu, \v 39 Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, lafa jilaatitti addee ulfinnaa, worra filatu irraa ifi eeggadha'a! \v 40 Isaan daadimata dheertuu daadimatanu mudhisiisaan, mana haadhotii hiyyeessaa\f + \fr 12:40\fr*\fqa Haadhotii hiyyeessaa: \fqa*\ft Dubartoota abbootiin worra irraa du'ane\ft*\f* sossanee itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan» jedhe. \s1 Kennaa Haadha Hiyyeessaa \r (Luq. 21:1-4) \p \v 41 Yesuus Galma Waaqaa keessatti cinaa subba kennansa keessa buusanuu tee'ee, akka kolbaan beesee ifii keessa buuttu ilaale. Dureeyyiin hedduun beesee guddoo keessa buutte; \v 42 achiin duuba haati hiyyeessaa hiyyeettiin takka dhuttee beesee sibiila diima'aa didiqqoo lamaan, ta gatiin isi'ii akka malee diqqo'oo keessa buutte. \v 43 Yesuus barattoota ifii waamee, «Ani dhugumaan isinitti hima! Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun worra dhibii mara caalaa subba kennansaa keessa buutte jedhe. \v 44 Worri dhibiin qabeenna guddaa qabanu irraa ka hafe subba keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, waan qaddu mara ka ittiin bultu subba san keessa buutte» jedhe. \c 13 \s1 Yesuus Diigamiisa Galma Waaqaa Dubbate \r (Mat. 24:1-2; Luq. 21:5-6) \p \v 1 Adoo Yesuus Galma Waaqaatii bayiisatti jiruu, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Barsiisa'a, ilaali! Dhakooti gugurdaan kunii fi ijaarsi gugurdaan kun attam dansa'a!» jedhe. \v 2 Yesuus, «Ati ijaarsa gugurdaa kana dhaggitaa? Isaan maraa hin diigaman; tokkochi isaaniille wol irratti hin hafanu» jedheen. \s1 Beessisa Bara Muumme'ee \p \v 3 Yesuus gaara Ejersaa gubba'aa gara Galma Waaqaa gamatti garagalee tee'uun Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiryaas qofitti gara isaa dhufanee, \v 4 «Nutti himi, wonni kun yoom teeti? Wonni kun mara te'iisaaf beessisi te'uuf jiru maan?» jedhanee gaafatane. \p \v 5 Yesuus isaaniin, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a! \v 6 Namooti hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan; namoota hedduulle hin dokonkorsan. \v 7 Woraanaa fi oduu woraanaa yennaa dhageettane, hin sodaatina'a. Wonni akkasii kun te'uu qaddi; kun ammoo muumme'ee moti. \v 8 Gosi gosatti, mootummaan mootumma'atti hin kaati; latti addee heddu'uun hin tachooti; beeltille hin teeti. Ammoo kun akka ciniinsuu jalqabaa ti. \p \v 9 «Isin ifi eeggachuu qaddan. Qabanee gara mura'aa isin hin geessan; Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti isin hin dhaanan. Akka naaf dhugaa teetanu\f + \fr 13:9\fr*\fqa Akka naaf dhugaa teetanu: \fqa*\ft Akka Oduu Gammadaa yookiin marroo dhugeeffannaa teessanii itti hintanu\ft*\f*, naaf jettanee bulchitootaa fi mootota dura hin dhaabbattan. \v 10 Ammoo muummeen dhufiisaan dura, Oduun Gammadaa kolbaa maraaf lallabamuu qaddi. \p \v 11 «Yennaa qabanee gara mura'aa isin geessane, ‹Maan dubbanna laati?› jedhaa dursitanee hin yaadina'a. Ammoo waanuma yennaa san isinii kenname dubbadha'a; dubbii isin dubbattanu ka dubbatu Ayyaana Woyyicha malee isinii moti. \v 12 Obboleessi obboleessa, abbaalle ilma gara du'aa dabarsee hin kenna. Ijoolleen worra ifiititti kaatee hin ijjeesisiitti. \v 13 Nami martinuu sababa kiyyaaf isin jibba. Haga muumme'ee ka ossatu ammoo hin fayya.\x - \xo 13:13 \xo*\xt Mat. 10:22\xt*\x* \s1 Farra Badi'ii \r (Mat. 24:15-28; Luq. 21:20-24) \p \v 14 «Isin, ‹Farra badi'ii› addee dhaabbatu'uu hin malle dhaabbatuun hin dhaggittan; kana ka dubbisu hubatuu ti. Worri Yihudaa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti. \v 15 Nami mana gubbaa jiru, gad bu'ee mana seenee, wo fudhatiisaaf yennaa hin dabarsin. \v 16 Nami fichaa keessa jiru, woya'aaf gara manaa hin deebi'in. \v 17 Guyyooti sun dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif attam sodaachisa'a! \v 18 Wonni kun ganna keessa akka hin teene daadimadha'a! \v 19 Guyyooti sun guyyoota rakkinni hamaan itti te'u. Rakkinni akkasii yennaa Waaqi biyyaa lafaa dadeen jalqabee haga ammaatitti ijjumaa te'ee hin beeku. Deebi'eelle hin te'u. \v 20 Adoo Goottaan guyyaa san gabaassuu dhabaatee, nami tokkolle hin hafu. Kolbaa ifii filateef jedhee, inni guyyaa san gabaasse. \p \v 21 «Yennaa san eennulle isiniin, ‹Ilaala'a! Kiristoos as jira!› yookiin ‹Ilaala'a! Achi jira!› yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a. \v 22 Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an. Isaan yoo dande'ane kolbaa Waaqi filatelle dokonkoriisaaf baasaa fi bilbaasa hujan. \v 23 If eeggadha'a! Ani dursee waan maraa isinii himeera. \s1 Dhufiisa Ilma Namaa \r (Mat. 24:29-31; Luq. 21:25-28) \p \v 24 «Guyyootuma san keessa, yennaa rakko'oo saniin duuba, aduun hin dukkanti; jiinille deebi'ee hin ifu. \v 25 Urjooti ol-gubbaa irraa hin harcaati; hunni ol-gubba'aa hin raafanti. \v 26 Achiin duuba Ilmi Namaa, hunna guddo'oo fi ulfinnaan duumensa keessa dhufuun dhaggitan. \v 27 Inni ergantoota Waaqaa maddii arfan lafaatitti ergee, kolbaa Waaqi filate qaccee biyya lafaa mara irraa wolitti qaban. \s1 Barumsa Muka Harru'uu \r (Mat. 24:32-35; Luq. 21:29-33) \p \v 28 «Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a. Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhiyaate beettan. \v 29 Akkasuma isinille wonni kun teetuun yoo dhaggitane, akka inni balbalatti dhiyaate hin beettan. \v 30 Ani dhugumaan isinitti hima; wonni kun maraa haga teetutti dhalooti amma jiru kun hin taru. \v 31 Ol-gubba'aa fi latti hin taran; jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru. \s1 Guyyaa Yookiin Yennaa San Eennulle Hin Beeku \r (Mat. 24:36-44) \p \v 32 «Guyyaa san yookiin yennaa san eennulle hin beeku. Abbaa malee, ergantooti ol-gubba'aalle hin beekanu; Ilmille hin beeku. \v 33 Yennaan yoom akka teete isin waan hin beenneef ifi eeggadha'a! Dammaqa'a. \v 34 Wonni kun akka nami mana ifii lakkisee bayyatee deemu tokko, itti gaafatamummaa hojjatoota ifiitiif kennuu fakkaatti. Inni tokko tokkoofuu waan hujanu kennee, eeddoon balbala eegu dammaqee akka eeguuf ajaja. \v 35 Maarre, abbaan manaa galgala yookiin halkan hoxxeessa, yookiin iyya lukku'uu, yookiin barii dhufuu isin waan hin beenneef dammaqa'a! \v 36 Dedhuma yoo dhufe rattaneertanuun me isin dhagguu ti. \v 37 Ani waan isiniin jedhu nama maraanuu jedha. Dammaqa'a!» jedhe. \c 14 \s1 Yesuus Ijjeesiisaaf Mari'atane \r (Mat. 26:1-5; Luq. 22:1-2; Yoh. 11:45-53) \p \v 1 Amma, Jila Irra Dabaramaatii fi Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetiif guyyaa lamatti hafeera. Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuus attamiin akka qabanee ijjeesanu dhokaataan mari'atane. \v 2 Isaan, «Kolbaan waan raafantuuf yennaa jilaa tana hin tolchinu» jedhane. \s1 Dubartiin Takka Bitaaniya'atti Yesuusitti Fiqiree Naxxe \r (Mat. 26:6-13; Yoh. 12:1-8) \p \v 3 Yesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dur qabameeruutitti adoo areerratiisatti jiruu, dubartiin takka fiqiree makaa hin qanne ta hidda muka naardoosii irraa hujante, ta gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaaxarii irraa hujame guutuu fidde; duloo san cassitee fiqiree san mataa Yesuusiititti naxxe. \v 4 Nami gariin ammoo aaree, «Fiqireen tun maaf akkanaan baddi? \v 5 Fiqireen tun silaa mindaa woggaa tokkoo\f + \fr 14:5\fr*\fqa Mindaa woggaa tokkoo: \fqa*\ft Dinaara dhibba sad\ft*\f* caala'atti gurgurantee, beeseen sun hiyyeeyyi'iif hin kennamaayyu» woliin jedhanee, hincinnayanee isii malchane. \p \v 6 Yesuus ammoo, «Isii lakkisa'a! Isin maaf isii rakkittan? Isiin waan dansaa naaf gooteerti. \v 7 Hiyyeeyyiin yennaa maraa isiniin woliin jiran; yennuma feetane isin isaan qarqaaruu hin dandeettan. Ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu. \v 8 Isiin waan dandeette goote; duraan dursitee nafa kiyyatti fiqiree naxxee awwaalaaf qopheessite. \v 9 Ani dhugumaan isinitti hima, biyyaa lafaa irratti Oduun Gammadaa addee lallabantu maratti wonni isiin goote kun qaabbii isi'ii te'ee himama» jedhe. \s1 Yihudaan Yesuus Dabarsee Kenniisaaf Jaraan Wolii Gale \r (Mat. 26:14-16; Luq. 22:3-6) \p \v 10 Achiin duuba Yihudaan nami biyya Keriyootii barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yesuus dabarsee kenniisaaf gara sooreyyii hayyootaa dhaqe. \v 11 Isaan waan kana yennaa dhage'ane, gammadanee, beesee isaa kenniisaaf addachiisane. Maarre Yihudaan Yesuus dabarsee kenniisaaf yennaa dagu'uu barbaadate. \s1 Yesuus Sagalee Jila Irra Dabaramaa Barattoota Woliin Nyaate \r (Mat. 26:17-25; Luq. 22:7-14,21-23; Yoh. 13:21-30) \p \v 12 Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetitti, yennaa hooleen Jila Irra Dabaramaa qalame, barattooti, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?» jedhanee Yesuus gaafatane. \p \v 13 Yesuus barattoota ifii lamaaniin, «Gara qacha'aa deema'a! Nama tokko ka okkotee bisaanii kaafateeru dhaggitan. Isa faana deema'aatii, \v 14 abbaa mana inni seenuutiin, ‹Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan› jedha'a. \v 15 Achiin duuba inni kolloo mana irraa badhoo, ta meya manaatiin guutantee afante takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a» jedhee erge. \p \v 16 Barattooti sun ka'anee gara qachaa gudda'aa dhaqanee, waan maraa akkuma inni isaanitti hime dhaggane; sagalee Jila Irra Dabaramaalle qopheessane. \p \v 17 Yennaa latti galgalootte Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin dhufe. \v 18 Adoo isaan qori'itti hiiqanee nyaatiisatti jiranuu, Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima; isin keessaa nami tokko, ka na woliin nyaatiisatti jiru dabarsee ana hin kenna» jedhe. \p \v 19 Barattooti laaleffatanee, «Dhugumaan anaan jechuu keetii moti! Jechuu keetii?» jedhanee badoo bado'oon isa gaafatane. \v 20 Yesuus isaaniin, «Inni isin nama kudhanii lamaan keessaa tokko, ka na woliin qorii tanatti cuuphataa nyaataaru. \v 21 Ilmi namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du'a; ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne'e! Inni adoo ijjumaa dhalatiisa dhabee jiraatee isaa woyya!» jedhe. \s1 Irbaata Gootta'aa \r (Mat. 26:26-30; Luq. 22:14-20; 1 Qor. 11:23-25) \p \v 22 Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, eebbisee, caccassee, barattoota ifiitiif kennee, «Fudhadha'a; kun foon\f + \fr 14:22\fr*\fqa Foon: \fqa*\ft Kitaab Giriikii nafa jedha\ft*\f* kiyya!» jedhe. \p \v 23 Achiin duuba Inni muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, isaaniif kenne; isaan maraa muduunuu keessaa unane. \v 24 Yesuus «Kun dhiiga kiyya, ka kolbaa heddu'uuf dhangala'e, ka Waaqi ittiin gondoore. \v 25 Ani dhugumaan isinitti hima; mootummaa Waaqaa keessaatitti haga guyyaa daadhii Woyni'ii haareya unutti ijjumaa deebi'ee daadhii Woyni'ii hin unu» isaaniin jedhe. \p \v 26 Achiin duuba isaan faaruu faarsanee, gara gaara ejersaa ol bayane. \s1 Yesuus Mormatiisa Pheexroosii Duraan Dursee Hime \r (Mat. 26:31-35; Luq. 22:31-34; Yoh. 13:36-38) \p \v 27 Yesuus isaaniin, «Barreeffam Woyyichi, ‹Ani tissee hin dhowa; hoolotille hin xexeeraman›, waan jedhuuf isin martinuu na lakkittanee hin baqattan. \v 28 Ani ammoo du'aa ka'een duuba isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa» jedhe.\x - \xo 14:28 \xo*\xt Mat. 28:16\xt*\x* \v 29 Pheexroos Yesuusiin, «Isaan martinuu si lakkisanee yoo baqatanelle ani ijjumaa si lakkisee hin baqadhu!» jedhe. \v 30 Yesuus Pheexroosiin, «Ani dhugumaan si'iin jedha; halkanuma kana adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedhe. \p \v 31 Pheexroos ammoo afaan guutatee «Ani si woliin du'uuf yoo barbaachiselle, ijjumaa si hin mormadhu» jedhe. \p Isaan martinuu akkasuma jedhane. \s1 Yesuus Getesemaane'etti Daadimate \r (Mat. 26:36-46; Luq. 22:39-46) \p \v 32 Yesuusii fi barattooti isaa addee Getesemaanee jedhantu takka dhaqanee, inni isaaniin «Haga Ani daadimadhu asi tee'a'a» jedhe. \v 33 Inni Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis ifi biratti fuudhee, gaddee laaleffatee, \v 34 isaaniin, «Ani qixxee du'aatitti guddoo gadde. Isin as tura'a; dammaqa'a» jedhe. \v 35-36 Yesuus haga diqqoo irraa hiiqee lafatti jigee, yoo dande'ame yennaan rakkinnaa sun akka isa irra dabartu, «Abbaa kiyya wonni mara si'iif hin dande'ama; muduunuu rakkinnaa kana na irraa dabarsi! Ammoo akka fedha keetii teetuu malee, akka fedha kiyyaa hin te'in» jedhee daadimate. \v 37 Achiin duuba inni deebi'ee dhufee, barattooti sadiin sun rafaneeranuun dhaggee, Pheexroosiin, «Simoon rateertaa? Saatuma takkaalle dammaxxee tee'iisaaf hin dandeennee? \v 38 Akka hin ataabanne, dammaqa'aatii daadimadha'a! Ayyaanni namaa hin halcha; foon ammoo dadhaba'a» jedhe. \v 39 Inni ammalle achi dhaqee, akkuma angafa jedhe jedhaa daadimate. \v 40 Yesuus gara barattootaa yennaa deebi'ee dhufe, ilti isaanii waan dunquuqotteertuuf rafaneeranuun dhagge; isaan waan deeffatanulle wollaalane. \p \v 41 Inni sadeessoo, yennaa deebi'ee gara isaanii dhufe, «Isin ammalle rattanee foorfatiisatti jirtanii? Yoona geette! Saatiin geetteerti! Kunoo, Ilmi namaa harka cubbaaleyyi'iititti dabarfamee kennamaara. \v 42 Ka'aa, deemnaa! Kunoo ka ana dabarsee kennu dhikaateera» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Qabame \r (Mat. 26:47-56; Luq. 22:47-53; Yoh. 18:3-12) \p \v 43 Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, barattoota isaa kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufee biraan baye. Gumiin shallaaga'aa fi ulee-jirma qabatteertu, sooreyyii hayyootaa, barsiisota Seera Muuse'eetii fi maanguddootaan ta ergante isa woliin dhutte. \v 44 Yihudaan, «Nami ani sunqadhu ka isin barbaaddanu. Isa qaba'aatii eegaa fuudha'aa deema'a» jedhee isaaniif beessisa kenneera. \p \v 45 Yihudaan akkuma achi geyeen, gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa'a!» jedhee isa sunqate. \v 46 Maarre isaan Yesuus qabanee hidhane. \v 47 Worra achi dhaabbataneeranu keessaa tokkochi shallaagaa buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra irraa kute. \v 48 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Akka ani yakkaamessaa shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee? \v 49 Guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessatti barsiisaa isinuma woliin ture; isin na hin qanne. Ammoo Barreeffam Woyyichi wonni jedhu mummowiisaa malte» jedhe. \p \v 50 Achiin duuba barattooti martinuu Yesuus lakkisanee baqatane. \v 51 Dargaggeessi tokko, ka woyaa qoola quncee talba'aa irraa hujante callaa uffateeru isa hordofe. Yennaa isaan isa qabane, \v 52 inni woyaa itti mulqatee, muxuqatee qullaa dheete. \s1 Yesuus Kora Murti'ii Duratti Dhikaate \r (Mat. 26:57-68; Luq. 22:54,55,63-71; Yoh. 18:13,14,19-24) \p \v 53 Achiin duuba gara mana hayyicha gudda'aa, addee sooreyyiin hayyootaa, maanguddootii fi barsiisoti Seera Muuse'ee wolitti qabamanu Yesuus geessane. \v 54 Pheexroos Yesuus irraa fagaatee, haga badhinna dalleya hayyicha gudda'aa seenutti hordofee, gula deeme. Achitti inni eeddota woliin tee'ee, ibidda qanqaammate. \v 55 Sooreyyiin hayyootaatii fi korri murti'ii duudiinuu, Yesuus ijjeesisiisaaf, nama yakkaa isaa himatu barbaadane. Ammoo nama isa himatu tokkolle hin dhaggine. \v 56 Nami hedduun dharaan Yesuus himate; ammoo afaan isaanii tokko hin teene. \v 57-58 Achiin duuba nami gariin ol ka'anee, « ‹Ani Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame kana diigee, guyyaa saditti ka dhibii ka harka namaatiin hin ijaaranne ijaara›, jedhuun dhageenneerra» jedhanee dharaan itti dhugaa bayane. \v 59 Ammoo teetuu malee wonni isaan jedhane afaan tokko hin teene. \p \v 60 Hayyichi guddaan kora murti'ii duratti ol ka'ee, Yesuusiin, «Waan isaan si himatane kanaaf ati deebii hin qadduu?» jedhee gaafate. \v 61 Inni cadhise malee womaa hin dubbanne. Ammalle hayyichi guddaan isaan, «Masiihiin, Ilmi Waaqa ulfaata'aa si'ii?» jedhee gaafate. \v 62 Yesuus, «Ee ana; Ilmi namaa midda Waaqaa waan mara godhuu dande'u tee'ee ol-gubba'aa duumensaan dhufuun hin dhaggitan» jedhe. \v 63 Hayyichi guddaan woyaa ifii tarsaasee, «Dhugaa dhibii maaf barbaanna? \v 64 Inni Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane. Murtiin teessan maan ree?» jedhe. Isaan martinuu afaan tokko te'anee, ijjeefamu'uu male jedhanee itti murane. \v 65 Namooti gariin Yesuusitti tufanee, ila isaalle hidhanee, «Eentu si dhowe? Me raagii himi» jedhaa tuntummu'uun isa dhowane. Worri eegulle fuudhee isa kakkabale. \s1 Pheexroos Yesuus Mormate \r (Mat. 26:69-75; Luq. 22:56-62; Yoh. 18:15-18,25-27) \p \v 66 Pheexroos ammalle badhinna dalleyaa keessa adoo jiruu, durroota hayyicha gudda'aaf tajaajiltu keessaa takkaan dhuttee biraan baate. \v 67 Isiin Pheexroos ibidda qanqaammatuun yennaa dhaggite, isa hubattee ilaaltee, «Atille Yesuusii biyya Naaziretii woliin jirtaayyu» jetteen. \v 68 Inni ammoo, «Waawwo'o! Wonni ati dubbatiisatti jirtu kun naaf hin galu» jedhee mormate. Achiin duuba akkuma inni gara hulaa karraa bayeen lukkuun iyyite. \v 69 Ammalle durrittiin tajaajiltittiin tuun isa dhaggitee worra achi dhaabbateeruun, «Namichi kun nama isaanii ti!» jette. \v 70 Pheexroos ammoo ammalle mormate. \p Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbateeru Pheexroosiin, «Ati nama Galiila'aa waan teeteef, dhugumaan ati nama isaanii ti» jedhane. \p \v 71 Inni ammoo, «Namicha isin jettanu kana ani hin beeku» jedhee ifi abaaraa kakatiisatti ka'e. \p \v 72 Yennuma san lukkuun lammeessoo iyyite. Achiin duuba Pheexroos dubbii Yesuus, «Adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» isaan jedhe qaabatee, laallefatee bowe. \c 15 \s1 Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame \r (Mat. 27:1,2,11-14; Luq. 23:1-5; Yoh. 18:28-38) \p \v 1 Barii halkaniin sooreyyiin hayyootaa: maanguddoota, barsiisota Seera Muuse'eetii fi kora mura'aa duudii woliin mari'atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane. \v 2 Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaa tii?» jedhee isa gaafate. \p Yesuus, «Maarre atuu jette» jedhee deebise. \p \v 3 Sooreyyiin hayyootaa waan heddu'uun isa himatane. \v 4 Philaaxoos ammalle, «Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?» jedhee Yesuus gaafate. \v 5 Yesuus ammoo, ammalle womaa hin deebinne; Philaaxoos waan kana baaseffate. \s1 Yesuusitti Du'a Murane \r (Mat. 27:15-26; Luq. 23:13-25; Yoh. 18:39; 19:16) \p \v 6 Yennaa Jila Irra Dabaramaa, Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba. \v 7 Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeesanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira. \v 8 Gumiin wolitti qabantee, Philaaxoos akkuma qara tolchu akka tolchuuf yennaa gaafatte, \v 9 inni, «Isin akka ani mootii Yihudootaa isinii hiikuuf barbaaddanii?» jedhee isaan gaafate. \v 10 Inni sooreyyiin hayyootaa akka Yesuus hinaaffa'aan dabarsanee isatti kennane beekeera. \p \v 11 Sooreyyiin hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane. \v 12 Philaaxoos ammalle, «Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?» jedhee gumii gaafate. \p \v 13 Isaan, «Isa fannisi!» jedhanee hogisane. \v 14 Philaaxoos, «Maaf akkana jettan? Maan yakke?» jedhee gaafate. \p Isaan ammoo, «Isa fannisi!» jedhanee guddisanee hogisane. \v 15 Philaaxoos gumii gammachiisu'uuf barbaadee, Barabbaa isaaniif hiike. Achiin duuba inni Yesuus liche'een dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne. \s1 Loltooti Yesuusitti Taphatane \r (Mat. 27:27-31; Yoh. 19:2,3) \p \v 16 Loltooti Yesuus gara moonaa galma mooti'ii keessa geessanee, loltoota san keessaa worra hafanelle waamanee wolitti qabane. \v 17 Isaan woyaa dhiillee itti uffisane, dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. \v 18 Achiin duuba isaan, «Mootii Yihudootaa jiraadhu!» jedhaa isa nageya fuudhane. \v 19 Isaan mataa Yesuusii ule'een dhaananee, hancufa itti tufanee, akka waan isa ulfeessanuu sobanee duratti jilbiiffatanee, isaa sagadane. \v 20 Isaan itti taphataneen duuba woyaa dhiillee san irraa baasanee, woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba gad baasanee fannisiisaaf isa geessane. \s1 Yesuus Fannifame \r (Mat. 27:32-44; Luq. 23:26-43; Yoh. 19:17-27) \p \v 21 Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha'aa gara qacha'aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane. \v 22 Isaan Yesuus gara Golgootaa, addee «Buqqii mata'aa» jedhantu geessane. \v 23 Achitti daadhii woyni'ii qumbi'iin makanee Yesuusiif kennane; inni ammoo unuu didate. \v 24 Achiin duuba isaan Yesuus fannisanee, woyaa isaa eennu fa'a akka geettu beekiisaaf hixaa buufataa qoqoodamane. \v 25 Yennaan isaan Yesuus fannisane sun barii saatii sad. \v 26 Beessisi yakkaa inni itti himatamee, «Mooticha Yihudootaa» jedha. \v 27 Isaan alagaltoota\f + \fr 15:27\fr*\fqa Alagaltoota: \fqa*\ft Shittoota\ft*\f* lamaan, tokkocha middaan, tokkocha bita'aan Yesuus woliin fannisane. [ \v 28 Akka kanaan Barreeffam Woyyichi, «Inni yakkaameyyii woliin laakkowame» jedhu muummowe.] \v 29 Worri achiin dabaranu, mataa ifi raasaa, «Hay! Ati Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ka ijaartu! \v 30 Me ifi fayyisiitii fannoo irraa gad bu'i!» jedhaa Yesuus arrassane. \v 31 Akkasuma sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuusitti taphatane. Isaan wol woliin, «Inni worra dhibii fayyiseera, mataa ifii ammoo fayyisiisa hin dande'u! \v 32 Inni Masiihii, Mootii Israa'el yoo te'e, fannoo irraa ifi buusuu ti! Achiin duuba nuutille dhagginee isatti dhugeeffanna!» jedhane. \p Jarri lamaan Yesuus woliin fannifamanelle isa arrassane. \s1 Du'a Yesuusii \r (Mat. 27:45-56; Luq. 23:44-49; Yoh. 19:28-30) \p \v 33 Orraa saatii jaan jalqabee, haga saatii sagalii latti duudiin dukkanootte. \v 34 Saatii sagalitti Yesuus, «Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa Kiyya, Waaqa Kiyya, maaf na lakkittee?» jechu'u. \v 35 Worra achi dhaabbataneeranu keessaa gariin kana dhage'anee, «Dhage'aa, inni Eliyaas waamiisatti jira» jedhane. \v 36 Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii\f + \fr 15:36\fr*\fqa Ispoonjii: \fqa*\ft Waan nafaan bisaan xuuxu\ft*\f* daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, «Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!» jedhe. \v 37 Yesuus qoonqoo guddo'oon iyyee du'e. \v 38 Gollaan Galma Waaqaa keessatti gollaneeranu gubbaa haga gadii addee lamatti tarsa'e. \v 39 Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du'e dhage'ee, «Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhe. \p \v 40 Dubartooti gariin fagaatanee ilaaliisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeelle achi jiran. \v 41 Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran. \s1 Yesuus Awwaalame \r (Mat. 27:57-61; Luq. 23:50-56; Yoh. 19:38-42) \p \v 42 Guyyaa, guyyaa Sanbataatiin duraa, gaafa qopheeffata Yihudootaa gara galgalaa, \v 43 Yoseefiin qachaa Armaatiya'aa ka miseensa kora murtii Yihudootaa keessatti ulfaata'aa fi dhufa mootummaa Waaqaa eegatiisatti jiru dhufee, gadhaa jabeennaan Philaaxoos dura dhikaatee reeffa Yesuusii akka isaa kennuuf gaafate. \v 44 Philaaxoos akka Yesuus qaata du'e yennaa dhage'ee maadeffate. Inni ajajaa dhibbaa waamee akka Yesuus du'eeru isa gaafate. \v 45 Philaaxoos ajajaa dhibbaa irraa oduu fuudheen duuba, reeffa Yoseefiif kenne. \v 46 Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche. \v 47 Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoseefii addee reeffi Yesuusii itti awwaalame hubatanee dhaggane. \c 16 \s1 Yesuus Du'aa Ka'e \r (Mat. 28:1-8; Luq. 24:1-12; Yoh. 20:1-10) \p \v 1 Guyyaan Sanbataa dabareeruun duuba, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa, Maariyaamiin haati Yaaqoobii, Saloomeelle dhaqanee nafa Yesuusii issiisaaf fiqiree bitane. \v 2 Isaan guyyaa Dilbataa barii halkaniin, yennaa aduun baatu, gara boolla awwaalaa dhaqane. \v 3 Isaan kara'atti, «Eennutti afaan boolla awwaalaa irraa dhakaa nu'uuf gangalchaa?» woliin jedhane. \v 4 Ammoo yennaa itti hiiqanee ilaalanee dhakaan guddaan bineensi sun duruu irraa garagalfameeruun dhaggane. \v 5 Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee'eeruun dhagganee rifatane. \p \v 6 Inni ammoo, «Hin rifatina'a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka'eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala'a! \v 7 Amma deema'aatii, barattoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isiniin dura Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin dhaggitan› jedha'aa hima'a» isaaniin jedhe. \p \v 8 Maarre dubartooti naasu'uun bararaqanee, boolla awwaalaa keessaa bayanee baqatane. Isaan waan sodaataneeranuuf eennulle'etti womaa hin dubbanne. \s1 Yesuus Maariyaamii Qachaa Magdala'aatitti Mudhate\f + \fr 16:8\fr*\ft Woraabbi'ii fi hiikkaan durii gariin laakkossa 9-10 irratti, «Dubartooti gara Pheexroosiitii fi jaalota isaa dhaqanee, waan dhage'ane gabaassanee isaanitti himane. Kanaan duuba Yesuus ifumaafuu karaa barattoota ifiitiin ergaa fayyinna bara baraa woyyitti'ii fi ta haga bara baraa jiraattu karaa aduun baatuu haga aduun seentuutitti erge» jedhu qaban.\ft*\f* \r (Mat. 28:9-10; Yoh. 20:11-18) \p [ \v 9 Yesuus Dilbata ganama du'aa ka'een duuba, dursee Maariyaamii qachaa Magdala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate. \v 10 Isiin gara worra duri isa woliin jiranuu, ka guddoo bowiisatti jiranuu dhaxxee hinte. \v 11 Isaan Yesuus hin jira jechuu isi'iitii fi akka isa dhaggitelle yennaa dhage'ane hin dhugeeffanne. \s1 Yesuus Barattoota Lamaanitti Mudhate \r (Luq. 24:13-35) \p \v 12 Eegii san Yesuus, barattooti lamaan qachaa keessaa bayanee adoo ideemiisatti jiranuu akka dhibi'iin itti mudhate. \v 13 Isaan deebi'anee worra kaanitti waan kana yennaa himane, isaan ammoo hin dhugeeffanne. \s1 Yesuus Barattoota Kudhanii Tokkotti Mudhate \r (Mat. 28:16-20; Luq. 24:36-49; Yoh. 20:19-23; HuE. 1:6-8) \p \v 14 Eegii san Yesuus, barattooti kudhanii tokko adoo areerratiisatti jiranuu itti mudhate. Sababa isaan dhugeeffannaa dhabanee fi worra du'aa ka'iisa isaa dhaggane dhugeeffatiisa dhabiisaan mataa jabaataneef, inni isaan dheekkame. \v 15 Achiin duuba inni, «Gara biyya lafaa duudii dhaqa'aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba'a. \v 16 Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama. \v 17 Worri natti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan; \v 18 Yoo dhudhuufaa harkaan qabanee ol fuudhane, yookiin yoo waan nama ijjeesu unanelle isaan hin miidhu; worra fayyaa hin qanne irra harka ifii yoo keyane, worri sunille hin fayya» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Gara Ol-gubba'aa Deebi'e \r (Luq. 24:50-53; HuE. 1:9-11) \p \v 19 Goottaan Yesuus isaan woliin dubbateen duuba, gara ol-gubba'aa fudhatamee, mogguu midda Waaqaatitti tee'e.\x - \xo 16:19 \xo*\xt HuE. 1:9-11\xt*\x* \v 20 Achiin duuba barattooti bayanee, addee duudii dhaqanee Oduu Gammadaa lallabane; Goottaan isaan woliin hojjatee baasota hojjatanteen lallaba isaanii mirkaneesse.]\f + \fr 16:20\fr*\ft Woraabbiin gariin laakkossa 9-20 Wongeela Maarqoos barreesse keessatti hin qabanu\ft*\f*