\id MIC - Guji Bible \ide UTF-8 \h Miikiyaasii Raagichaa \toc1 Kitaaba Miikiyaasii Raagichaa \toc2 Miikiyaasii Raagichaa \toc3 Mik. \mt1 Kitaaba Miikiyaasii Raagichaa \imt Seensa \ip Raagichi Miikiyaas baruma raagichi Isaayaas jiru raagicha jiru yoo te'u, inni mootummaa kibbaa ta Yihuda'aa, nama qachaa baadiyyaa keessaa tokkoo ti. Akkuma raagichi Amos mootummaa kaabaa irratti badiin akka dhaqqaddu raage, raagichi Miikiyaasille sababuma saniin, mootummaa kibbaa irralle'etti badiin akka dhaqqaddu raage; muraa haqaa kennuu dhabiisa isaaniitiif, Waaqi muraa akka fidu ifi eeggachiise; te'uu malee, raagi Miikiyaasii addii gara duraatiif beessisa guddaa irra caalaa ifa te'e qaba. \ip Keessattuu kutaan xiyyeeffannaan itti kennamuu barbaachisu, nageenni biyya lafaa maraa, baallii Waaqaatiin jala akka jiruu (4:1-4), maatii sanyii Daawitii keessaa, mootiin guddaan akka dhufuu fi kolba'aaf nageya akka kennu (5:2-5), akkasuma wonni raagoti Israa'elii dubbatteertu marti hima tokkocha keessatti akka wolitti qabame hima. Himi sunille, \ip «Wonni inni nu irraa barbaadu kana: waan haqa te'e akka hunyu, jaalala dhuma hin qanne akka mudhinnuu fi gad jennee tokkumma'aan Waaqa keenna woliin akka leenu» jedha (6:8). \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Muraa Israa'elii fi Yihudaa Irratti Murantu\ior 1:1—3:12\ior* \io1 Adde'etti Deebi'iisaa fi Nageya\ior 4:1—5:15\ior* \io1 Ergaa Ifi Eeggachiisiisaatii fi Addi'ii\ior 6:1—7:20\ior* \c 1 \p \v 1 Bara moototi Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas tarre'etti Yihudaa irratti mootii te'aneeranu keessa jechi Mootii Waan Maraa gara Miikiyaasii nama qachaa Mooresheetii dhufee, inni marroo Samaariya'aatii fi Yerusaalemii mudhii dhagge. \s1 Gadda Samaariya'aa Fi Yerusaalemitti Te'u \q1 \v 2 Isin gosi biyya adda addaa marti dhage'a'a! \q2 Biyyi lafaa, worri isii keessa leetanu marti caqasa'a! \q2 Goottaan Mootiin Waan Maraa \q2 Galma ifii woyyicha keessaa isin irratti dhugaa hin baya. \q1 \v 3 Kunoo, Mootiin Waan Maraa addee leetoo ifii irraa dhufiisatti jira; \q2 inni gad dhufee, qaccee gaarotaa irra hin ideema. \q1 \v 4 Gaaroti akka gagaan ibidda biratti baqu, isa jalatti hin baqan; \q2 dhooqille akka bisaan goodda irra gad yaa'u qotuutitti hin baqaxxi. \p \v 5 Wonni kun martinuu sababa yakkaa Yaaqoobiitiif, sababa cubbuu kolbaa Israa'eliitiif teete; Yaaqoob akka yakku ka godhe eennu? Samaariya'aa motii ree? Addeen waaqonfanna'aa ta kolbaa Yihuda'aa tam ree? Yerusaalemii motii ree? \v 6 Maarre Mootiin Waan Maraa, «Ani qachaa Samaariya'aa caccassee alatti hin tuula; addee muka woyni'ii itti dhaabanu isa hin godha; dhakaa isaa gara dhooqaa gad hin buusa; hundee isaalle qullaa hin hambura. \p \v 7 «Waaqoti dharaa ka qachaa Samaariya'aa marti hin bututan; kennansi galmaa qachaa Samaariya'aatiif kenname marti ibiddaan hin gubama; ani fakkii qachaa Samaariya'aa mara hin balleessa; kennansi qachaan Samaariya'aa sagaagalummaa irraa dhaggate, ammalle deebi'ee hujii sagaagalumma'aatiif hin te'a» jedha. \s1 Kolbaan Wiiccifattee Hin Bootti \p \v 8 Waan kanaaf ani bowee hin wiiccifadha; miila duwwaa, nafa qullaa hin ideema; akka jeedalaa iyyaa, akka urungu'uu hin bowa. \v 9 Madaan qachaa Samaariya'aa waan hin fayyineef, gara biyya Yihuda'aa babadhatteerti; gara karra Yerusaalemii ta kolbaa tiyyaatuu geetteerti. \p \v 10 Qachaa Gaatii keessatti waan kana hin odeessina'a; qachaa Aakoo keessatti hin bowina'a; qachaa Bet-le'aafra'aa keessatti bukuu keessa gangaladha'a. \v 11 Isin worri qachaa Shaafiirii keessa leetanu, qullaa teessan qaani'iin dabara'a. Worri qachaa Saanaanii keessa le'u keessaa gad hin bayu. Worri qachaa Bet-ezelii keessa le'u hin bowan; isin qarqaariisaafille hin dande'anu. \v 12 Mootiin Waan Maraa balaa hamaa karra Yerusaalemiititti waan buuseef, worri qachaa Maarootii keessa leetanu rakkoo jalaa bayiisaaf worwaatan. \v 13 Isin worri qachaa Laakiishii keessa leetanu, garreettaa fardaan harkifamu farda isa harkisutti hidhadha'a. Yakkaan Israa'elii isin keessatti waan dhagganteef, worra Xiyoonii isinittuu cubbuu hujuu jalqassiise. \v 14 Tanaaf isin qachaa Mooresheet-gaatii gad hin lakkittan; kolbaan qachaa Akziibii mootota Israa'elii hin soban. \p \v 15 Isin worra Maareshaa keessa leetanu, Mootiin Waan Maraa worra isin injifatu isinitti hin fida; sooreyyiin Israa'elii gara goda Adulaamii deemanee hin dhokatan. \v 16 Ijoolleen teessan ta isin jaalattanu, gara lafa ormaa booji'antee waan fudhatantuuf, rifeensa mataa keessanii haadadha'a. Mataa keessan akka mataa allaatti'ii moluu godhadha'a. \c 2 \s1 Karoora Namaatii Fi Karoora Waaqaa \p \v 1 Worra taqee ifii irra irkatee karoora hamaa baasuuf aanne'e! Tana godhiisaaf hunna waan qabanuuf, yennaa latti bariite hujii irra oolchan. \v 2 Isaan fichaa namaa kajeelanee, hunnaan qabatan; mana namaalle kajeelanee fudhatan; isaan mana tokko nama isaa woliin, lafa isaa woliin mirga namaa dhiitanee, karra isaa fudhatan. \p \v 3 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, «Ani kolbaa tana irratti balaa fidiisaaf karoora baasiisatti jira; isin balaa san jalaa bayiisa hin dandeettanu. Yennaan sun hantuu waan teetuuf, bondhooraa ideemiisa hin dandeettanu. \v 4 Guyyaa san namooti isinitti murgaa, faaruu gaddaa tana marroo teessaniif faarsaa, ‹Nuuti ijjumaa banneerra; latti kolbaa teennaa qoqoodanteerti; Mootiin Waan Maraa fichaa keenna nu irraa fuudhee worra nu injifateef qoodeera› hin jedhan» jedha. \p \v 5 Tanaaf, yaa'ii Mootiin Waan Maraa keessatti nami hixa'aan lafa isiniif qoodu hin jiru. \p \v 6 Raagoti isaanii, «Nutti hin raagin! Marroo waan kanaa nutti hin raagin; salphinni nu irra hin gewu. \v 7 Ee sanyii Yaaqoobii, wonni akkasii hin jedhamaa ree? Ayyaanni Mootiin Waan Maraa ossa dhabee ree? Inni hujii akkasii hujaa ree?» jedhan. \p Mootiin Waan Maraa, «Qajeelumma'aan ka ideemuuf, jechi kiyya waan dansaa hin godhuuf ree?. \v 8 Muummee irratti isin akka diinaa teetanee kolbaa tiyya irratti kaatane; yaada lolaa adoo hin qabaatin, namoota nageyaan dabaranu irraa woyaa isaanii mulqattane. \v 9 Dubartoota kolbaa tiyyaa mana isaanii dansaa keessaa gad ariitane; isin ulfinna kiyya ijoollee isaanii irraa haga bara baraa fudhattane. \v 10 Addeen tun waan battootteertuuf, akka malee baddeerti; isiin addee foora keessanii waan hin te'iniif, ka'a'aatii asii deema'a. \p \v 11 «Nami dharaamessi sobu tokko dhufee, ‹Marroo daadhii woyni'iitii fi marroo untoo macheessituu hin raaga› yoo jedhe, kolbaa tanaaf raagichi fudhatama qabu isa. \p \v 12 «Ee sanyii Yaaqoobii, ani dhugumaan isin mara wolitti hin qaba; kolbaa Israa'elii worra baraaree hafe adduma tokko wolitti hin qaba; akka hoolee gooree keessa jirtuu, akka tika hoole'ee ta marra dheediisatti jirtuu, kolbaan lafa hin guutti» jedhe. \p \v 13 Ka cassee karaa banu, isaaniin dura hin deema; isaan karra cassanee keessa dabaranee, gad hin bayan; mootiin isaanii dabaree isaaniin dura hin deema; Mootiin Waan Maraalle isaan hin sooressa. \c 3 \s1 Sooressitootii Fi Raagoti Xixamane \p \v 1 Achiin duuba ani, «Isin sooreyyiin kolbaa Yaaqoobii, bulchitooti kolbaa Israa'elii caqasa'a; isin haqa beeku'uu hin mallee? \v 2 Isin waan dansaa jibbitanee, waan hantuu jaalattane; kolbaa tiyya irraa gogaa, lafee isaanii irralle'ee foon quncittane. \v 3 Isin foon kolbaa tiyyaa nyaattane; gogaa isaanii irraa quncittane; lafee isaaniille butuchitane; akka foon akowanuutii fi akka foon okkote'etti iffeelanuu kukkuttane» jedhe. \v 4 Isaan gara Mootii Waan Maraa hin iyyan; inni ammoo deebii isaaniif hin kennu. Isaan waan hantuu hujaneef, inni yennaa san fuula ifii isaan irraa hin deebifata. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa, «Raagoti kolbaa tiyya karaa irraa gorsitu, yoo nami areereef, isaan nageya lassan; yoo nami hin areeriniif, woraana irratti lassan. \v 6 Tanaaf, halkan mudhii hin dhagginee fi dukkanti waan gara duraa hin dhaggisiinne hin dhutti. Raagota irratti aduun hin seenti; guyyaan isaanitti hin dukkana. \v 7 Waaqi deebii waan isaaniif hin deebinneef, worri mudhii dhaggu hin qaanowa; worri waan gara duraa himulle hin salphata; isaan fuula ifii hin gollatan» jedha. \p \v 8 Ani ammoo Yaaqoobiif yakkaa isaa, Israa'eliif cubbuu isaa himiisaaf hunnaan, Ayyaana Mootii Waan Maraatiin, haqaa fi jabeenna gudda'aan guutameera. \v 9 Isin sooressitooti sanyii Yaaqoobii, bulchitooti sanyii Israa'elii, worri haqa tuffattane, worri waan dhugaa te'e mara micciirtanu tana dhage'a'a; \v 10 isin dhiiga dhangalaasiisaan Xiyoon, hammeennaan Yerusaalem ijaartan. \v 11 Sooressitooti isi'ii safu'uuf muran; hayyooti isi'iille gati'iif barsiisaan; raagoti isi'iille beese'eef raagan. Isaan ammoo Mootii Waan Maraatitti irkatanee, «Dhugumaan Mootiin Waan Maraa odduu teenna jira. Balaan nutti hin dhufu» jedhan. \p \v 12 Tanaaf sababa keessaniif, Xiyoon akka ficha'aa hin qotanti; Yerusaalem tuulaa bututaa hin teeti; kooba Galma Waaqaa raaqi itti hin lata. \c 4 \s1 Gaara Mootii Waan Maraa \r (Isa. 2:2-4) \p \v 1 Bara muumme'ee gaarri Galmi Mootii Waan Maraa irra jiru gaara mara ka caalu hin te'a; kooba mara caalee hin mudhata; gosi biyya adda addaa hedduun gara gaara sanii hin yaati. \v 2 Gosi biyya adda addaa hedduun dhuttee, «Kowa'a, gara gaara Mootii Waan Maraa, gara Galma Waaqa Yaaqoobii ol baana. Akka nuuti daandii isaa irra ideennuuf, inni karaa ifii nu hin barsiisa» hin jetti. Seerri Xiyoon irraa, jechi Mootii Waan Maraa Yerusaalem irraa hin baya. \v 3 Inni wodhakkaa kolbaa heddu'uutitti hin mura; wol dhaba gosa biyya adda addaa jajjabbaan odduu jirtu hin sirreessa; isaan shallaagaa ifii qottoo, eboo ifiille haantuu hin tumatan. Gosi biyya tokkoo, gosa biyya takkaa irratti lola hin kaachu; leenjiin woraanaalle hin jiraattu. \v 4 Nami martinuu muka woynii ifiitii fi muka harru'uu ifii jala hin tee'a; ka isaan sodaachisu hin jiru; Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbateera. \v 5 Gosi biyya adda addaa marti maqaa waaqota ifiitiin hin ideeman; nuuti ammoo bara baraa haga bara baraa maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatiin hin ideenna. \s1 Kolbaan Israa'elii Boojuu Irraa Hin Deebiti \p \v 6 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san ani worra naafolee, worra booji'amee fi worra akka gaddanu godhe wolitti hin qaba. \v 7 Worra naafolee baraaree hin hambura; worra booji'ame gosa biyya jaddu'uu hin godha; ani Mootiin Waan Maraa guyyaa sanii jalqabee gaara Xiyoonii irratti bulchaa isaanii hin te'a. \v 8 Ee xelleephoo eeddoo gaara Xiyoonii, addee Waaqi akka tisse'ee irra tee'ee kolbaa ifii eegu, qachaan guddichi keeti ka durii adde'etti hin deebi'a. Mootummaan qachaa Yerusaalemii hin deebiti» jedha. \p \v 9 Ati amma maaf qoonqoo ol qabaattee iyyita? Ati mootii hin qadduu? Akka dubartii ciniinsifattuu ka rakkattu, ka si gorsu dhabamee tii? \v 10 Isin kolbaa Xiyoonii, akka dubartii ciniinsifattuu, aadaa rakkadha'a; qachaa keessaa baya'aatii, diida keessa qubadha'a. Gara Baabilonii hin ideentan; achitti Mootiin Waan Maraa harka diina keessanii jalaa isin baasee, isin hin woda. \v 11 Amma ammoo gosi biyya adda addaa hedduun si loliisaaf wolitti qabantee, «Yerusaalem battoottuu ti; ilti teenna Xiyoon ceeggattuu ti» jetti. \v 12 Isaan ammoo yaada Mootii Waan Maraa hin beekanu; akka laddee eeddumme'etti wolitti qabanuu, karoora ka isaan wolitti qabuu sanii hin hubanne. \p \v 13 Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Xiyoonii, ka'a'a! Diina keessan akka midhaanii dhowa'a! Ani gaafa sibiilaa isiniif hin kenna; kottee sageettu'uu isiniif hin kenna; isinille gosa biyya adda addaa hedduu hin butuchitan. \p «Bu'aa isaan hunnaan dhaggatane ana Mootii Waan Maraatiif, karra isaanii Goottaa lafa duudi'iitiif hin dhikeessitan» jedha. \c 5 \p \v 1 Nuuti waan marfanneef, ee ati qachaa loltootaa, loltoota teeti wolitti qabadhu! Worri nu marsane sun bulchaa Israa'elii boqoo isaa ule'een hin dhowan. \s1 Bulchaa Betlihem Keessaa Dhalatu \p \v 2 Ati ammoo qachaa Betlihemii-Efraata'aa, qachoota Yihuda'aa keessaa guddoo diqqaattulle, ka Israa'el bulchu tokko si keessaa naaf hin ka'a; hundeen isaa duruu jira. \p \v 3 Haga haati isaa ciniinsifattee isa deettutti, Mootiin Waan Maraa Israa'el hin lakkisa; achiin duuba obboleeyyan isaa worri booji'amaneeranu, deebi'anee gara Israa'elootaa hin galan. \v 4 Inni jabeenna Mootii Waan Maraatiin, ulfinna maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiin jabaatee dhaabbattee, hoolee ifii hin tissa; guddinni isaa haga qaccee lafaa waan dhaqqabuuf, Israa'elooti nageyaan hin le'an. \v 5 Innille nageya isaanii hin te'a. \s1 Jalaa Bayiisaa Fi Badiisa \p Yennaa worri Asoorii biyya teenna lolanu, kushee teenna cassanee yennaa seenanu, nuuti tissitoota torbaa fi sooreyyii dhiira saddeeti isaan irratti akka ka'anu hin goona. \v 6 Isaan worra biyya Asoorii shallaaga'aan, worra biyya Naamrodiillee shallaagaa buqqifataneen hin bulchan. Worri Asoorii yennaa biyya teenna lolanu, meessaa lafa teennaa yennaa cassanee seenanu, inni isaan jalaa nu hin baasa. \p \v 7 Kolbaan Yaaqoobii worri jiru'uun hafe, kolbaa hedduu wodhakka'atti akka fixeensa Mootii Waan Maraa biraa bu'uu, akka tiifuu marra irratti buutuu, ka nama addii hin godhanne, yookiin ka ilmaan namaa hin eeganne hin te'an. \v 8 Kolbaan Yaaqoobii worri jiru'uun hafe, gosa biyya adda addaa oddu'utti, kolbaa hedduu wodhakka'atti, akka neenqa bineensota badda'aa odduu jiruu, akka neenqa dardara odduu tika hoolotaa seenee qabee gargar kukkutuu, ka nami irraa buusu hin jirree hin te'an. \v 9 Harki keessan diinota keessan irratti ol hin ka'a; nyaapholeen teessan martille hin badan. \p \v 10 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san, fardoo teessanii fi garreettaa fardaan harkifamu keessan odduu teessanii hin balleessa. \v 11 Qachaa lafa teessanii hin balleessa; kushee teessan maralle hin diiga. \v 12 Ani moruu teessan hin balleessa; haganaa achi isin worra moru hin qabaattanu. \v 13 Ani fakkii waaqota dharaa keessanii fi soodduu woyyittii isin waaqonfattanu odduu teessanii hin balleessa; haganaa achi waan harka keessaniin hujjanetti hin sagaddanu. \v 14 Fakkii waaqa dharaa ta ‹Asheeraa› jedhantuu, odduu teessanii hin balleessa; qachoota keessanille hin diiga. \v 15 Gosa biyya adda addaa worra naaf hin ajajanne aari'ii fi mufii guddo'oon haluu hin baya» jedha. \c 6 \s1 Mootiin Waan Maraa Israa'el Irratti Ka'e \p \v 1 Waan Mootiin Waan Maraa jedhu dhage'a'a: Ka'a'a, haajaa keessan gaarota duratti dhikeeffadha'a; kooboti waan isin jettanu dhage'anuu ti. \v 2 Ee gaarota, himannaa Mootiin Waan Maraa dhikeessu dhage'a'a; isinille hundeen lafaa caqasa'a. Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii haajaa ittiin himatu qaba; inni Israa'el hin himata. \p \v 3 Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa tiyya, ani maan isin godhe? Ani attamiin ba'aa isinitti te'e? Deebii naaf kenna'a. \v 4 Ani biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; garbummaa jalaa isin wodeera. Muuseen, Aaronii fi Miiriyaam akka isin sooressanu ergeera. \v 5 Kolbaa tiyya, waan mootiin Mo'aabii Balaaqi isin irratti mala dhowe, waan ilmi Be'orii Bala'aam isaaf deebiselle qaabadha; hujii tiyya balchittii akka beettanuuf, addee ‹Shiixiim› jedhantuu haga qachaa Giilgaliititti waan te'elle qaabadha'a» jedha. \p \v 6 Ani maan qabadhee fuula Mootii Waan Maraa dura dhikaadhee, Waaqa ol-gubba'aa duratti sagadu ree? Kennansa gubamuu fi jabbilee woggaa tokkoo qabadhee fuula isaa dura dhikaadhuu ree? \v 7 Mootiin Waan Maraa korbeeyyii hoole'ee kumatti, zayitii ejersaa laga bisaanii kuma kudhan ta geettutti hin gammadaa? Sababa yakkaa tiyyaatiif, ilma kiyya angaficha, cubbuu lubbuu tiyyaatiif, uumaa gudeeda kiyyaa ciincaa dhikeessuu ree? \v 8 Ee nama, Mootiin Waan Maraa waan dansaa sitti mudhiseera. Mootiin Waan Maraa maan si irraa barbaada? Haqa akka hujjuuf, marartii akka jaalattuuf, gad ifi qabiisaan Waaqa keeti woliin akka ideentuufii motii ree? \s1 Waaqi Worra Sobuu Fi Ka Hunnaan Nama Irratti Ka'u Hin Adaba \p \v 9 Mootii Waan Maraa sodaatiis qarumma'a; Caqasa'a! Mootiin Waan Maraa, kolbaa qachaa keessaa waamee, «Ulee adabbi'ii qaabadha'a. Ka isii qopheesseelle yaadadha'a. \v 10 Isin worri hamooleen, qabeenna keessan ka hammeennaa guurattane, waan ittiin safaranu ka sobaa, ka abaarame san hin dedhaa ree? \v 11 Nama madaalli'ii fi waan ittiin safaranu ka sirriin hin te'in subbatti qabatu cadhiseetuma lakkisaa ree? \v 12 Dureeyyiin qacha'aa hunnaan nama irratti kaati; kolbaan qacha'aa dhara dubbatti; arrabi isaanii soba dubbata. \v 13 Tanaaf, ani isin balleessa; sababa cubbuu teessaniitiif, ani isin diiga. \v 14 Isin hin nyaattan ammoo hin quuttanu; gadhaan keessan haga ammaa duwwa'a; waan isin kuufattane shallaaga'aaf waan kennuuf, hin tuulattan ammoo isiniif hin kuufamu. \v 15 Hin facaattan ammoo hin haammattanu; zayitii ejersaa hin miiccan ammoo hin dibattanu; midhaan woyni'ii hin cunfitan ammoo daadhii woyni'ii hin untanu. \v 16 Isin aadaa Omirii mootichaatii fi waan maatiin Ahaabii mootichaa goote mara eegattaneertan. Tanaaf, ani badi'iif dabarsee isin hin kenna; kolbaan teessanille hin salphatti; gosi biyya adda addaa isinitti murgiti» jedha. \c 7 \s1 Rakkoo Israa'elii \p \v 1 Ani akka nama bona woxoo midhaan woyni'ii qocatuu waan te'eef, naaf aanne'e! Nyaatiisaaf, unkuruurri woyni'ii hin jiru; midhaan harru'uu ka ani halchu, ka dursee bilchaatulle hin jiru. \v 2 Nami addatamaan lafa irraa badeera; nami qajeelaan tokkolle hin jiru. Nami marti dhiiga dhangalaasiisaaf riphee gaada; isaan tiyyo'oon wol adansan. \v 3 Harki isaanii waan hantuu hujiisa barateera; bulchaan kennansa gaafata; abbaan mura'aa safuu fudhata; worri dureeyyiin waan barbaade muummessa; isaan martinuu wolumaan mala dhowan. \v 4 Isaan keessaa ka mara caalaa «Addatama'a» jedhamu, akka qumi'uudu'uu ti; ka mara caalaa «Qajeela'a» jedhamu, qoree caalaa bada'a. Guyyaan Waaqi isaan adabu ka worri raagotaa\f + \fr 7:4 \fr*\fqa Worri raagotaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Namooti si eeganu \fqa*\ft jedha; maqaan raagotaa ka dhibiin namoota eeganu.\ft*\f* dubbatane dhufeera; yennaan isaan waan te'anu wollaalanu amma. \v 5 Nama hin addatin; jaala keetitti addii hin godhatin. Niitii teeti ta hanqafatee rattuuyyuu waan isii woliin dubbattu jecha keeti ifi eeggadhu. \v 6 Ilmi abbaa ifii hin tuffata; intalti haadha ifii irratti, niitiin ilmaalle haadha dhirsa ifii irratti hin kaati; diinni namaa maatuma isaa keessaa hin te'an. \p \v 7 Ani ammoo Mootii Waan Maraa addii hin godhadha; Waaqa fayyisaa kiyya hin eegadha; Waaqi kiyya naaf hin dhage'a. \s1 Israa'el Hin Kaati \p \v 8 Diina kiyya natti hin gammadin! Ani jigulle hin ka'a; dukkana keessa jiraadhulle Mootiin Waan Maraa ifa naaf hin te'a. \v 9 Ani waan isa yakkeef, haga inni haajaa kiyyaaf muraa naa kennutti, ani aarii isaa ta bobeettu hin ossadha. Inni gara ifaa na hin baasa; ani balchummaa isaa hin dhagga. \v 10 Achiin duuba diinni kiyya ka, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti eessa jira?» anaan jedhu, tana dhaggee hin qaanowa; ilti tiyya jinnana diina kiyyaa hin dhaggiti; ammaayyuu akka caffaa karaa keessaa miilaan irra hin sirbama. \p \v 11 Guyyaan dalleya keessan ijaarattanu, guyyaan meessaa keessan badhifattanu hin dhufa. \v 12 Guyyaa san namooti keessan biyya Asooriitii fi qachoota Gibxi'ii irraa, biyya Gibxi'iitii haga laga Efraaxiisii irralle'ee, abbaaya'aa haga abbaaya'aa irralle'ee, gaaraa haga gaaraa irralle'ee gara keessan hin dhufan. \v 13 Sababa hujii worra isii keessa le'uutiif ammoo latti hin onti. \s1 Daadimataa Fi Leellisa \p \v 14 Kolbaa teeti, worra hoolota teeti te'ane, ulee teetiin tissi! Isaan amma gongomaa keessa qofii ifii, lafa oorru'uu keessa le'an. Isaan akkuma bara durii, Baashaanii fi Giil'aad keessa dheedanuu ti. \p \v 15 Akkuma bara biyya Gibxi'ii keessaa isaan baattee, bilbaasa nutti mudhisi! \v 16 Gosi biyya adda addaa yennaa bilbaasota kana dhaggane, hin qaanowan; hunna hin dhaban; afaan hin qabatan; gurri isaaniille hin duuda. \v 17 Isaan akka bofaatii fi akka bineensota lafa irra lowanuu bukuu hin arraaban. Goda ifii keessaa rommaa hin bayan; soda'aan gara si Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa hin deebi'an. \p \v 18 Kolbaa ifii worra lubbu'uun hafeef, ka cubbuu isaanii lakkisee, yakkaa isaanii araaramuuf, Waaqi akka keetii eennu? Ati marartii mudhisiisatti gammadda malee aari'iin haga bara baraa hin turtu. \v 19 Ati ammalle nu mararta; yakkaa teenna hin qulqulleessita; cubbuu teenna mara qilee abbaaya'aa keessa hin buutta\f + \fr 7:19 \fr*\fqa Buutta: \fqa*\ft Yookiin buucha.\ft*\f*. \v 20 Ati akkuma bara durii abbootii teenna ta duriitiif kakatte, sanyii Yaaqoobiitiif addatamummaa, sanyii Abrahaamiitiifille marartii hin mudhitta.