\id MAT - Guji Bible \ide UTF-8 \h Wongeela Maatewoosii \toc1 Wongeela Maatewoosii \toc2 Wongeela Maatewoosii \toc3 Mat. \mt2 Wongeela Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii \mt1 Ka Maatewoos Barreesse \imt Seensa \ip Wongeelli Maatewoosii: Yesuus fayyisaa dhufiis isaa duraanuu waadaan galame akka te'ee fi Waaqi Gondooroo Qaraa keessatti kolbaa ifiitiif gale karaa isaatiin akka muummesse Oduu Gammadaa odeessa. Oduun Gammadaa tun worra Yesuus odduu isaaniititti dhalatee guddate, Yihudoota qofaaf adoo hin te'in, biyya lafaa duudi'iif teeti. \ip Wongeelli Maatewoosii ifi eegganna'aan kitaaba qophoweeru. Dhaloota Yesuusiitiin jalqabee, cuuphama isaatii fi ataabama isaa, achiin duuba Galiilaa keessatti tajaajila lallaba isaa, barsiisiisaa fi fayyisiisa isaa issa. Kanaan duuba deemmaa Yesuus Galiilaa irraa gara Yerusaalemii deemee fi torbaan Yesuusii ta dhumarraa keessatti waan te'e galmeessee, fannifamiisaa fi ka'iisa isaatiin fixa. \ip Wongeelli kun akka barsiisaa gudda'aa, ka Seera Waaqaa hiikiisaaf baallii qabuu, ka marroo mootummaa Waaqaalle barsiisuutitti Yesuus dhikeessa. Barsiisi isaa bacaan ka marroo waan adda addaa, addee shanitti wolitti qabama: \ip 1. Lallaba gaara irraa, ka amala, hujii, haqaa fi hiree muumme'ee ta worra mootummaa ol-gubba'aa ilaalu (foora 5-7). \ip 2. Barattooti kudhanii lama Wongeela lallabiisaaf yennaa wolitti qabamane qajeelfama kenname (foora 10). \ip 3. Mammaassa adda addaa ka marroo mootummaa Waaqaatiif dhikaate (foora 13). \ip 4. Barnoota hiikkaa barattumma'aa himu (foora 18). \ip 5. Marroo muummee bara ammaatii fi dhufiisa mootummaa ol-gubba'aa barsiisa kenname (foora 24-25). \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Hiddaa Fi Dhaloota Yesuus Kiristoosii\ior 1:1—2:23\ior* \io1 Tajaajila Yohaannisii Cuupha'aa\ior 3:1-12\ior* \io1 Cuuphamaa fi ataabama Yesuusii\ior 3:13—4:11\ior* \io1 Tajaajila Yesuus Galiilaa keessatti ifatti tajaajile\ior 4:12—18:35\ior* \io1 Galiilaa irraa gara Yerusaalemii\ior 19:1—20:34\ior* \io1 Torbaan dhumaa irratti Yerusaalem keessaa fi adaalatti\ior 21:1—27:66\ior* \io1 Du'aa ka'iisaa fi mudhatiisa Gootta'aa\ior 28:1-20\ior* \c 1 \s1 Hidda Dhaloota Yesuus Kiristoosii \r (Luq. 3:23-38) \p \v 1 Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoosii sanyii Abrahaamiitii fi sanyii Daawitii kana. \p \v 2 Abrahaam Yisihaq uumate; Yisihaq Yaaqoob uumate; Yaaqoob Yihuda'aa fi obboleeyyan Yihuda'aa uumate; \v 3 Yihudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zaaraa uumate; Faares Hesrom uumate; Hesrom Aaram uumate; \v 4 Aaram Aminaadaab uumate; Aminaadaab Nahasoon uumate; Nahasoon Salmoon uumate; \v 5 Salmoon Rahaab irraa Bo'az uumate; Bo'az Ruuti irraa Yoobeed uumate; Yoobeed Isey uumate; \v 6 Isey Daawitii mooticha uumate; Daawiti haadha manaa Uriiyaa irraa Solomoon uumate; \v 7 Solomoon Rehobiyaam uumate; Rehobiyaam Abiiyaa uumate; Abiiyaan Asaafi uumate; \v 8 Asaafi Yoshaafaax uumate; Yoshaafaax Yoraam uumate; Yoraam Oziyaas uumate; \v 9 Oziyaas Yo'ataam uumate; Yo'ataam Akaaz uumate; Akaaz Hisqiyaas uumate; \v 10 Hisqiyaas Minaasee uumate; Minaaseen Amos uumate; Amos Yosiyaas uumate; \v 11 Yosiyaas bara kolbaan Israa'elii gara biyya Baabilonii booji'ante Yekoniyaasii fi obboleeyyan Yekoniyaasii uumate. \p \v 12 Kolbaan Israa'elii gara biyya Baabilon booji'anteen duuba Yekoniyaas Salaati'el uumate; Salaati'el Zarubaabel uumate; \v 13 Zarubaabel Abiyuudin uumate; Abiyuudin Eliyaaqim uumate; Eliyaaqim Azor uumate; \v 14 Azor Zaadoq uumate; Zaadoq Akiim uumate; Akiim Eliyud uumate; \v 15 Eliyud Ele'azaar uumate; Ele'azaar Maattaan uumate; Maattaan Yaaqoob uumate; \v 16 Yaaqoob Yoseef uumate; Yoseefiin kun ka Maariyaam fuudhe; isiin, ka, «Masiihii» jedhamee moggaafame, ta Yesuus deette. \p \v 17 Tanaaf Abrahaam irraa kaasee haga Daawitiititti dhaloota kudhanii afuritti jira; Daawiti irraa kaasee haga bara kolbaan Israa'elii gara biyya Baabilonii booji'antetti dhaloota kudhanii afuritti jira; booji'ama gara Baabiloniitii haga dhaloota Masiihiille'etti dhaloota kudhanii afuritti jira. \s1 Dhaloota Yesuus Kiristoosii \r (Luq. 2:1-7) \p \v 18 Dhalooti Yesuus Kiristoosii akkana. Haati isaa Maariyaamiin Yoseefiif kadhatanteertu adoo isaan wol bira hin geyin dura, Ayyaana Woyyichaan ulfoottee dhaggante. \v 19 Yoseefiin isii kadhateeru sun nama balchaa waan te'eef, kolbaa duratti Maariyaamii qaanessuu hin barbaanne; maarre dhokaataan isii lakkisiisaaf yaade. \v 20 Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju'uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin. \v 21 Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, ‹Yesuus› jettaan» jedheen. \p \v 22 Kun martinuu wonni Goottaan karaa raagichaatiin dubbateeru akka muummottuuf teete. \v 23 Wonni dubbatameerulle, «Durri duudduun hin ulfootti; ilmalle hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu'el› jedhamee waamama;» «Amaanu'el» jechuun, «Waaqi nu woliin jira» jechu'u. \p \v 24 Maarre Yoseef yennaa dammaqe, akkuma ergamaan Gootta'aa itti hime, Maariyaamii kadhateeru akka niiti'iititti gara mana ifii fudhate. \v 25 Te'uu malee haga isiin ilma deettutti akka niiti'iititti isii bira hin geenne. Yoseef maqaa isaa Yesuus jedheen. \c 2 \s1 Dhufa Beekkolee Urjii Qorqortuu \p \v 1 Bara Heroodis mooticha te'eeru, qachaa Beeteelemii, ka Yihudaa keessaatitti Yesuus dhalate. Achiin duuba adoo hin turin beekkoleen urjii qorqortu karaa baya adu'uutii gara Yerusaalemii dhufanee, \v 2 «Mucaan mootii Yihudootaa te'iisaaf dhalate, eessa jira? Nuuti urjii isaa karaa aduun baatutti dhagginee, isatti sagadiisaaf dhunneerra» jedhanee iyyaafatane. \v 3 Mootichi Heroodis yennaa waan kana dhage'e rifate; worri Yerusaalemii martille isa woliin rifate. \v 4 Inni sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraa wolitti qabee, «Masiihiin eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate. \p \v 5 Isaan, «Beeteelemii Yihudaa keessaatitti dhalata; raagichi: \q1 \v 6 «‹Ati Beeteelemiin Yihudaa keessaa! \q2 Qachoota gugurdaa Yihudaa keessaa mara caalaa \q2 ijjumaayyuu hin diqqaattu; \q2 sababille ka kolbaa tiyya Israa'el bulchu \q2 bulchaan si keessaa baya› jedhee barreesseera» jedhaneen. \p \v 7 Heroodis dhossa'aan worra urjii qorqoru san waamee yennaa urjiin itti mudhatte isaan irraa gaafatee hubate. \v 8 Achiin duuba, «Dhaqa'aatii, marroo muca'aa miidhassa'aa qorqora'a; yennaa isa dhaggitane, anille dhaqee akka sagaduuf natti hima'a» jedhee, gara Beeteelemii isaan erge. \p \v 9 Isaan yennaa waan mootichi jedhe dhage'ane, ka'anee yaa'ane; karaa irralle'etti urjiin isaan karaa aduun baatutti dhaggane tuun, addee mucaan jiru san gubba'atti haga dhaabbattutti isaaniin dura ideente. \v 10 Isaan yennaa urjii dhaggane, akka malee gammadane. \v 11 Mana seenanee, mucaa haadha isaa Maariyaam woliin dhagganee, gad jiganee isaaf sagadane. Achiin duuba subba ifii bananee worqii, hixaanaa fi qumbii isaaf kennane. \p \v 12 Achiin duuba isaan gara Heroodisii akka hin deebineef, Waaqi oojju'uun waan isaan if eeggachiiseef, karaa dhibi'iin gara biyya ifii deebi'ane. \s1 Gara Biyya Gibxi'ii Baqatane \p \v 13 Eega beekkoleen sun gara biyya ifii deebi'ane, ergamaan Gootta'aa oojju'uun Yoseefitti mudhatee, «Heroodis mucaa ijjeesiisaaf waan barbaaduuf, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuu gara biyya Gibxi'ii baqadhu; haga ani sitti himutti achi turi» jedheen. \v 14 Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadhaa muca'aa fuudhee, gara biyya Gibxi'ii halkanuma san deeme. \v 15 Haga Heroodis du'u achi ture; Goottaan afaan raaga'aatiin, «Ani biyya Gibxi'iitii mucaa kiyya waame» jedhee wonni dubbateeru akka muummottuuf tun teete. \s1 Ijjeechaa Ijoolle'ee \p \v 16 Worri urjii qorqoru akka isa sobe yennaa hubate, Heroodis akka malee aare. Yennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qorqoru irraa akka gaafatee hubatetti, ijoollee Beeteelem keessaatii fi adaala isi'ii maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadii loltoota ifii ergee ijjeesisiise. \v 17 Akka kanaan wonni raagichi Ermiyaas jedhe muummotte; \v 18 wonni inni raagelle: \q1 «Qoonqoon Raama'atti dhage'ante, \q2 qoonqoo wiiccifataa fi bowaa ti. \q1 Raahel ijoollee ifiitiif bootte; \q2 ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, \q2 jajjabaachuu didde» ka jedhu. \s1 Biyya Gibxi'iitii Gara Naaziretii Deebi'ane \p \v 19 Heroodis du'een duuba, ergamaan Gootta'aa biyya Gibxi'ii keessatti oojju'uun Yoseefitti mudhatee, \v 20 «Worri mucaa ijjeesiisaaf barbaadu waan du'eef, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuutii, gara biyya Israa'elii deebi'i» jedheen. \v 21 Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadha muca'aa fudhatee, gara biyya Israa'elii deebi'e. \v 22 Arkelaawoos addee abbaa ifii Heroodisii biyya Yihuda'aa akka bulchiisatti jiru yennaa dhage'e ammoo, Yoseef achi deemiisa sodaate. Oojju'uun gorfamee, gara lafa Galiila'aa dhaqee, \v 23 raagoti marroo Yesuusiitiif, «Inni Naazireticha hin jedhama» wonni jette akka muummottu qachaa Naaziret jedhamu dhaqee le'e. \c 3 \s1 Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa \r (Mar. 1:1-8; Luq. 3:1-18; Yoh. 1:19-28) \p \v 1 Bara san Yohaannisiin cuuphaan goomolee biyya Yihuda'aa keessa lallabaa dhufee, \v 2 «Mootummaan ol-gubba'aa waan dhikaatteef cubbuu irraa deebi'a'a!» jedhe. \v 3 Isaayaasiin raagichi, \q1 «Nami tokko goomolee keessaa iyyaa, \q2 ‹Karaa Gootta'aaf qopheessa'a; \q2 daandii inni irra deemu qajeelcha'a!› » \m yennaa jedhe inni marroo Yohaannisii dubbate. \p \v 4 Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa dhowameeraayyu; inni hidha ifii teephaan hidhate; sagaleen isaalle awwaannisaa fi damma hollaa ti. \v 5 Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, biyya cinaa laga Yordaanosii mara irraa kolbaan gara isaa dhutte. \v 6 Isaan cubbuu ifii dhugaa baasanee\f + \fr 3:6 \fr*\fqa Dhugaa baasanee: \fqa*\ft Faaci'atanee, waakanee, himatanee\ft*\f*, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphamane. \p \v 7 Yohaannis Fariisaayotaa fi Saduqoota hedduu cuuphamiisaaf gara isaa dhufiisatti jiranu yennaa dhagge, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime?\x - \xo 3:7 \xo*\xt Mat. 12:34; 23:33\xt*\x* \v 8 Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha'a. \v 9 ‹Abbaan keenna Abrahaam› jedhiis isin hin baasa hin seyina'a. Waaqi dhakoota kana fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima. \v 10 Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera; muki midhaan dansaa hin buunne muramee ibiddatti hin gatama. \v 11 Akka isin cubbuu irraa deebitane mudhisiisaaf ani bisaaniin isin cuupha, ka ana duubaan dhufaaru ammoo Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddoo na caala; ani kophee isaatuu ba'atiisaafille nama te'uu moti. \v 12 Inni eeddummee\f + \fr 3:12\fr*\fqa Eeddummee: \fqa*\ft Ooddii\ft*\f* ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf horooroo harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; hicaacee\f + \fr 3:12 \fr*\fqa Hicaacee: \fqa*\ft Huura\ft*\f* ammoo ibidda hin dhaanneen guba» isaaniin jedhe. \s1 Cuuphamiisa Yesuusii \r (Mar. 1:9-11; Luq. 3:21-22) \p \v 13 Yesuus yennaa san Yohaannisiin cuuphaan akka isa cuuphuuf gara laga Yordaanosii dhufe. \v 14 Yohaannis ammoo, «Ani si'iin cuuphamu'uu male, ati maaf gara kiyya dhutta?» jedhee isa dhoogge. \p \v 15 Yesuus ammoo deebisee, «Karaa kanaan balchummaa mara muummessu'uu waan malleef, amma na dhoogguu lakkisi» jedheen; achiin duuba Yohaannis lakkise. \p \v 16 Yesuus cuuphamee bisaan keessaa akkuma bayeen, ol-gubbaan banantee Ayyaanni Waaqaa saphaliisa fakkaatee gad dhufee isa irra bu'uun dhagge. \v 17 Ol-gubbaa irraa qoonqoon, «Kun Ilma kiyya jaalatama'a, ka ani guddoo isatti gammadeeru» jette.\x - \xo 3:17 \xo*\xt Dad. 22:2; Far. 2:7; Isa. 42:1; Mat. 12:18; 17:5; Mar. 1:11; Luq. 9:35 \xt*\x* \c 4 \s1 Ataabamuu Yesuusii \r (Mar. 1:12-13; Luq. 4:1-13) \p \v 1 Achiin duuba akka Yesuus Seexanaan ataabamu Ayyaanni Woyyichi gara goomole'ee geesse.\x - \xo 4:1 \xo*\xt Ibr. 2:18; 4:15\xt*\x* \v 2 Yesuus guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama laameen duuba beelote.\x - \xo 4:2 \xo*\xt Bay. 34:2; 1 Mot. 19:8\xt*\x* \v 3 Achiin duuba Seexanni gara isaa dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji» jedhe. \v 4 Yesuus ammoo, «Barreeffam Woyyichi, ‹Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla'aan hin le'u› jedha» jedhee deebise. \p \v 5 Achiin duuba Seexanni gara Qachaa Woyyichaa gara Yerusaalemii Yesuus geessee, qaccee guutuu Galma Waaqaa gubbaa isa dhaabbachiisee, \v 6 «Barreeffam Woyyichi, \q1 «‹Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne, \q2 akka isaan harka ifiitiin si kiphanuuf, \q2 ergantoota ifii hin erga› waan jedhuuf, \q2 Ilma Waaqaa yoo teete asi irraa gad if darbi» jedheen. \p \v 7 Yesuus deebisee, Barreeffam Woyyichi, « ‹Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin› jedha» jedheen. \p \v 8 Achiin duuba Seexanni gaara dheeraa tokko gubba'atti isa baasee, mootummoota biyya lafaa mara, ulfinna isaanii mara woliin itti mudhisee, \v 9 «Gad jiddee yoo naaf sagadde, waan kana maraa si'iif hin kenna» jedheen. \p \v 10 Yesuus deebisee, «Seexana, bayyadhu! Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keetiif sagadi, isa callaa tajaajili› jedha» jedheen. \p \v 11 Achiin duuba Seexanni Yesuus lakkisee deeme; ergantooti Waaqaalle dhufanee isa tajaajilane. \s1 Yesuus Galiila'atti Hujii jalqabe \r (Mar. 1:14-15; Luq. 4:14-15) \p \v 12 Yesuus hidhama Yohaannisii yennaa dhage'e, gara Galiila'aa deebi'e.\x - \xo 4:12 \xo*\xt Mat. 14:3; Mar. 6:17; Luq. 3:19-20\xt*\x* \v 13 Qachaa Naaziretii lakkisee, lafa Zabilooniitii fi Niftaalem keessa, cinaa abbaayaa Galiila'aa, qachaa Qifirnaahoom keessa le'e.\x - \xo 4:13 \xo*\xt Yoh. 2:12\xt*\x* \v 14 Wonni Isaayaasiin raagichi raagee, \q1 \v 15 «Lafa Zabilooniitii fi lafa Niftaalemii, \q2 Yordaanosiin gama, karaa gara abbaaya'aa geessu gubbaa jirtu, \q2 Galiilaa, lafa worra Yihudootaa hin te'inii! \q1 \v 16 Kolbaan dukkana keessa leete, \q2 ifa guddaa dhaggite. \q1 Worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'uuf, \q2 ifi ife» jedhe akka muummottuuf tun teete.\x - \xo 4:16 \xo*\xt Isa. 9:1-2\xt*\x* \p \v 17 Yennaa sanii jalqabee Yesuus, «Mootummaan Waaqaa waan dhikaatteef, cubbuu teessan irraa deebi'a'a!» jedhee lallabiisa jalqabe.\x - \xo 4:17 \xo*\xt Mat. 3:2\xt*\x* \s1 Yesuus Barattoota Jalqabaa Arfan Waame \r (Mar. 1:16-20; Luq. 5:1-11) \p \v 18 Yesuus abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane obboleeyyan lamaan: Simoon ka Pheexroos jedhamee fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo\f + \fr 4:18\fr*\fqa Caccoo: \fqa*\ft Waan qurxummi'iin guuranu\ft*\f* abbaaya'atti afanuun dhagge. \v 19 Yesuus isaaniin, «Na hordofa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe. \v 20 Isaan yennuma san caccoota ifii lakkisanee isa hordofane. \p \v 21 Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannis, ilmaan Zabdewoosii dhagge. Isaan hoboloo ifii keessatti abbaa ifii Zabdewoos woliin caccoota ifii subbiisatti\f + \fr 4:21\fr*\fqa Subbiisatti: \fqa*\ft Midhaaffatiisatti, qopheeffatiisatti\ft*\f* jiraniiyyu. Yesuus isaan waame; \v 22 isaanille yennuma san hobolo'oo fi abbaa ifii lakkisanee, isa hordofane. \s1 Barsiisiisa, Lallabiisaa Fi Fayyisiisa Yesuusii \r (Luq. 6:17-19) \p \v 23 Yesuus manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta marroo mootummaa Waaqaa lallabaa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa mara irraa kolbaa fayyisaa Galiilaa duudii keessa deddeeme.\x - \xo 4:23 \xo*\xt Mat. 9:35; Mar. 1:39\xt*\x* \v 24 Gurri isaa biyya Sooriya'aa maratti dhage'ame; waan kanaaf worra dhibameeru, dhukkuba adda addaatii fi dhibe'een farru, worra ayyaanni hamaan qabeeru, worra gaggaadduu qabuu fi worra laashoweeru mara kolbaan gara isaa fidde. Yesuusille isaan fayyise. \v 25 Achiin duuba gumiin hedduun Galiilaa irraa, Qachaa qachoota Kudhan jedhamu irraa, Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, Yordaanosiin gamalle'ee isa hordofane. \c 5 \s1 Barumsa Yesuus Gaara Irratti Barsiise \r (Mat. 5—7) \p \v 1 Yesuus yennaa gumii hedduu dhagge, gaaratti ol bayee tee'e; barattooti isaalle gara isaa dhufane. \v 2 Achiin duuba inni isaan barsiisiisa jalqabee: \s1 Gammada Dhuga'aa \r (Luq. 6:20-23) \q1 \v 3 «Worri le'ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te'ane itti dhage'antu gammaduu; \q2 mootummaan Waaqaa ta isaanii ti! \q1 \v 4 Worri gadde gammaduu; \q2 Waaqi isaan hin jajjabeessa! \q1 \v 5 Worri ifi gad qabu gammaduu; \q2 isaan lafa hin dhaalan\f + \fr 5:5\fr*\fqa Hin dhaalan: \fqa*\ft Addii Waaqi kenne hin fudhatan\ft*\f*! \q1 \v 6 Worri balchummaa beelotuu fi dheebotu gammaduu; \q2 Waaqi isaan hin quussa. \q1 \v 7 Worri namaaf mararfatu gammaduu; \q2 Waaqi isaaniif hin mararfata! \q1 \v 8 Worri gadhaa qullu'uu gammaduu; \q2 isaan Waaqa hin dhaggan! \q1 \v 9 Worri nageya buusu gammaduu; \q2 isaan ijoollee Waaqaa hin jedhaman! \q1 \v 10 Worri balchumma'aaf miidhamu gammaduu; \q2 mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!\x - \xo 5:10 \xo*\xt 1 Phex. 3:14\xt*\x* \p \v 11 «Sababa kiyyaaf jettee yennaa kolbaan isin arrassitee, isin miitee, dharaan gurra isin balleessite gammmada'a. \v 12 Isaan raagota worra isiniin duraatuu akkasuma miidhane. Gatiin teessan ol-gubba'atti guddoo waan teeteef, gammada'aatii ilillisa'a» isaaniin jedhe. \s1 Sooddaa Fi Ifa \r (Mar. 9:50; Luq. 14:34-35) \p \v 13 Yesuus itti dabalee, «Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi'ee kuraawuu dande'a? Alatti gatamee miilaan dhiitama\f + \fr 5:13\fr*\fqa Dhiitama: \fqa*\ft Irra sirbama\ft*\f* malee, womaa bu'aa hin qabu.\x - \xo 5:13 \xo*\xt Luq. 14:34-35\xt*\x* \p \v 14 «Isin ifa biyya lafaa ti. Qachaan gaara gubba'atti ijaarame dhokatiisa hin dande'u. \v 15 Eennulle ifa issee, akka nama mana keessa jiru maraaf ifa kennu, waan ifi irra keyamu irra keya malee, gonbisoo jala hin keyu. \v 16 Akkasuma akka kolbaan hujii dansaa teessan dhaggitee Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru ulfeessitu, ifi keessan nama duudii duratti ifuu ti» jedheen.\x - \xo 5:16 \xo*\xt 1 Phex. 2:12\xt*\x* \s1 Seeraa Fi Barsiisa Raagotaa \p \v 17 Yesuus, «Ani Seeraa fi barsiisa raagotaa diigiisa dhufe hin seyina'a. Ani barsiisa isaanii muummessiisaaf dhufe malee, diigiisaaf hin dhunne. \v 18 Ani dhugumaan isinitti hima, haga ol-gubba'aa fi latti dabartutti Seera keessaa qubeen takkaan, bixxilleen\f + \fr 5:18\fr*\fqa Bixxilleen: \fqa*\ft Boqqoorri qubee takka'aa\ft*\f* adoo hin muummowin hin baddu.\x - \xo 5:18 \xo*\xt Luq. 16:17\xt*\x* \v 19 Tanaaf nami ajajoota kana keessaa ka irra diqqa'aa tokko diigee, akka diiganu namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keessatti ka irra diqqaatu hin jedhama; nami ajajoota kana eegee akka eeganu barsiisu ammoo, mootummaa Waaqaa keessatti guddaa hin jedhama. \v 20 Ani isinitti hima, balchummaan teessan balchummaa worra barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa yoo caalte malee, mootummaa Waaqaatitti ijjumaa hin galtanu» isaaniin jedhe. \s1 Lubbuu Ijjeesuu Hin Barbaachisu \p \v 21 Yesuus itti dabalee, «‹Hin ijjeesin; nami nama ijjeese mura'aaf dhikaata› jedhamee worra duriititti akka himameeru dhageettaneertan. \v 22 Ani ammoo isinitti hima, eennulle sababa malee obboleessa yookiin obboleettii ifiititti yoo mufate mura'aaf dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‹Gowwa'a!› yoo jedhe, kora mura'aa dura dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‹Daallee!› yoo jedhe gara muraa qilee ibiddaa dhikaata. \v 23 Maarre kennansa keeti Waaqaa dhikeessiisaaf addee ciincaa itti ciincessanutti fiddee, waan obboleessi keeti sitti quuqameeru yoo qaabatte, \v 24 kennansa keeti achuma addee ciinca'aa duratti lakkisiitii, dhaqii obboleessa keeti woliin araaramii, achiin duuba deebi'iitii kennansa keeti dhikeessi. \p \v 25 «Nama si himate tokko woliin gara mura'aa adoo ideentuu dafii karaa irratti isa woliin wolii gali. Achi geettee jennaan, abbaan mura'aa ka si hidhutti dabarsee si kennee, ka si hidhu mana hidha'aatitti si galcha. \v 26 Ani dhugumaan sitti hima, waan sitti murame keessaa saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu» jedhe. \s1 Marroo Gaarayyeeffataa \p \v 27 Yesuus, « ‹Hin gaarayyeeffatin› akka jedhame dhageettaneertan. \v 28 Ani ammoo isinitti hima: nami ila halcha'aatiin dubartii ilaale, gadhaa ifii keessatti isii gaarayyeeffateera. \v 29 Ilti teeti ta middaa yoo cubbuu si hujisiitte, ifi keessaa baasiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee gatamu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko fafoottu si'iif woyya. \v 30 Harki keeti ka middaa yoo cubbuu si hujisiise, ifi irraa kutiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee deemu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko dhabuu si'iif woyya» jedhe.\x - \xo 5:30 \xo*\xt Mat. 18:8; Mar. 9:43\xt*\x* \s1 Marroo Wol Lakkisiisa Dhirsaa Fi Niiti'ii \r (Mat. 19:9; Mar. 10:11-12; Luq. 16:18) \p \v 31 Ammalle Yesuus, « ‹Nami niitii lakkisu mara woraqata lakkeessaa barreessee isi'iif kennuu ti› jedhameeraayyu. \v 32 Ani ammoo isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami niitii ifii lakkisu, akka isiin gaarayyeeffattu hin godha; nami isii fuudhelle hin gaarayyeeffata» jedhe. \s1 Marroo Kaku'uu \p \v 33 Yesuus, «Ammalle, ‹Dharaan hin kakatina'a; waan Gootta'aaf kakattane ammoo godha'a› akka worra duriitiin jedhame isin dhageettaneertan. \v 34 Ani ammoo isinitti hima, ijjumaa hin kakatina'a. Ol-gubbaan barcumaa mootummaa Waaqaa waan teeteef, ol-gubba'aan yookiin, \v 35 lattille waan ijjata miila isaa teeteef lafaan hin kakatina'a; qachaa mootii gudda'aa waan teeteef Yerusaalemille'een hin kakatina'a. \v 36 Rifeensa tokkocha adii yookiin gurraacha godhiisa waan hin dandeenneef, mataa keetille'een hin kakatin. \v 37 Dubbiin teessan ‹Ee› yoo teete ‹Ee›, yookiin ‹Waawwoo› yoo teete ‹Waawwoo› teetuu ti; wonni kana irra caale seexana irraa dhutte» jedhe. \s1 Marroo Haluu Bayiisaa \r (Luq. 6:29-30) \p \v 38 Yesuus itti dabalee, «‹Ilti, ilaaf; ilkaan, ilkaaniif› akka jedhame isin dhageettaneertan. \v 39 Ani ammoo isinitti hima: nama si yakke haluu hin bayin. Nami tokko yoo boqoo middaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi; \v 40 nami tokko shaamisii\f + \fr 5:40 \fr*\fqa Shaamisii: \fqa*\ft Qoloo\ft*\f* teeti fudhatiisaaf barbaadee yoo si himate, kootii teetille kenniif. \v 41 Nami tokko hunnaan kiiloo meetira tokko akka ati woliin deentu yoo si tolche, kiiloo meetira lama woliin deemi. \v 42 Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffatiisaaf barbaadu hin dhooggatin» jedhe. \s1 Diinota Jaalachuu \r (Luq. 6:27-28,32-36) \p \v 43 Yesuus, « ‹Ollaa keeti jaaladhu, diinota keeti jibbi› akka jedhame dhageettaneertan. \v 44 Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaaladha'a; worra isin miidhuufille daadimadha'a. \v 45 Tana yoo gootane ijoollee Abbaa keessan ka ol-gubba'aa hin teetan; inni aduu ifii worra hama'aa fi dansa'aafille hin baasa; worra balchootaa fi balchoota hin te'iniifille hin roobisiisa. \v 46 Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, gatii maan qaddan ree? Cubbaaleyyiinuu sanuma godhan! \v 47 Obboleeyyan\f + \fr 5:47\fr*\fqa Obboleeyyan: \fqa*\ft jaallan\ft*\f* teessan callaa nageya o'aa yoo fuutane, worra dhibii caalaa isin maan gootane? Worri Yihudoota hin te'inille sanuma godhan! \v 48 Abbaan keessan ka ol-gubba'aa mijuu\f + \fr 5:48\fr*\fqa Mijuu: \fqa*\ft Ka dhidhuu hin qanne\ft*\f* akka te'e, isinille mijuu te'a'a» jedhe. \c 6 \s1 Arjummaa \p \v 1 Yesuus, «Nami akka isin dhagguuf jettanee hujii dansaa isaan duratti akka hin hunye ifi eeggadha'a! Akkas yoo gootane, Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru biraa gatii hin qaddanu.\x - \xo 6:1 \xo*\xt Mat. 23:5\xt*\x* \p \v 2 «Hiyyeeyyi'iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina'a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran. \v 3 Ati yennaa arjoontu ammoo, waan harki keeti middichi godhiisatti jiru harki keeti bitaachinuu hin beekin. \v 4 Maarre arjoom keeti dhossa'aan te'uu ti; Abbaan keeti ka waan ati dhossa'aan tolchitu dhaggu, gatii si'iif hin kenna. \s1 Marroo Daadimatiisaa \r (Luq. 11:2-4) \p \v 5 «Isin yennaa daadimattanu, akka worra kijibuu hin te'ina'a! Isaan worri dhibiin akka isaan dhagguuf, Galma Waaqaa keessaa fi woldeennaa karaa gugurda'aatitti dhaabbatanee daadimatiisa jaalatan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran. \v 6 Ati ammoo yennaa daadimattu, gara kolloo teetii seen, balbala cufadhuu, gara Abbaa keeti ka addee dhokatte jiruu daadimadhu. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa'aan huju dhaggu, gatii teeti si'iif hin kenna. \p \v 7 «Yennaa daadimattanu akka worra Yihudoota hin te'inii, jecha bu'aa hin qanne itti hin deddeebi'ina'a; isaan heddummaa jechoota isaaniitiif, waaqi waan isaaniif dhage'u seyan. \v 8 Isin ammoo akka isaanii hin te'ina'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu isin adoo isa hin gaafatinuu hin beeka. \p \v 9 «Tanaaf, yennaa daadimattanu, \q1 «‹Abbaa keenna ka ol-gubbaa jirtu, \q2 Maqaan keeti woyyoomu; \q2 \v 10 mootummaan teeti dhuttu; \q2 fedhiin teeti akkuma ol-gubba'atti teete, \q2 lafalle'etti teetu. \q1 \v 11 Sagalee guyyuma guyya'aan nuu barbaachittu adha nuu kenni. \q1 \v 12 Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu, \q2 yakkaa teenna nuu araarami. \q1 \v 13 Hamaalessa irraa nu eegi malee, \q2 ataabe'etti nu hin galchin. \q2 [Mootummaan, hunni, ulfinnille \q2 baruma baraan keetuma. Ameen]› jedha'a. \p \v 14 «Yoo isin yakkaa namootaaf araarantane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isiniif hin araarama. \v 15 Yoo isin yakkaa namootaaf hin araaramin ammoo, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa teessan isiniif hin araaramu» jedhe.\x - \xo 6:15\xo*\xt Mat. 11:25-26\xt*\x* \s1 Marroo Laamiisaa \p \v 16 Yesuus, «Yennaa laantanu, akka worri kijibu tolchu fuula keessan hin addeessina'a\f + \fr 6:16\fr*\fqa Hin addeessina'a: \fqa*\ft Hin shankalleessina'a, hin daalacheessina'a\ft*\f*. Laamuu isaanii namooti akka dhagganuuf isaan ifi addeessan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii fudhataneeran. \v 17 Ati ammoo yennaa laantu, fuula keeti dhiqadhu, mataa keetille iffadhu! \v 18 Tanaaf laamiisa keeti, Abbaa keeti ka addee dhokatte jiru qofatti beeka malee, worri dhibiin beekuu hin dande'u. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa'aan hujju dhaggu, gatii teeti si'iif hin kenna» jedhe. \s1 Karra Ol-gubba'aa \r (Luq. 12:33-34) \p \v 19 Yesuus dabalee, «Addee qooqqanna'aa\f + \fr 6:19\fr*\fqa Qooqqanna'aa: \fqa*\ft Bili'ii\ft*\f* fi ciillayiisi balleessutti, hattuulle cassitee seentee hattutti, as lafa tana irratti karra teessan hin kuufatina'a.\x - \xo 6:19 \xo*\xt Yaq. 5:2-3\xt*\x* \v 20 Ammoo addee qooqqanna'aa fi ciillayiisi dande'ee hin balleessine, hattuulle cassitee seentee hatuu hin dandeenne, ol-gubba'atti karra teessan kuufadha'a. \v 21 Yennaa mara addee karri teessan jirtu gadhaan keessanille jira» jedhe. \s1 Ifa Nafaa \r (Luq. 11:34-36) \p \v 22 Yesuus, «Ilti ifa nafaa ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaalessa hin te'a; \v 23 ilti teeti fayyaa yoo dhadde ammoo, nafi keeti duudiin dukkana te'a; ifi sitti jiru dukkana yoo te'e, dukkanti attam attam guddattu ree!» jedhe. \s1 Waaqaa Fi Qabeenna Namaa \r (Luq. 16:13; 12:22-31) \p \v 24 Yesuus itti dabalee, «Nami tokko garbicha goottolee lamaa te'iisaaf hin dande'u; tokkocha hin jibba, kaan hin jaalata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beese'eef tajaajiluu hin dande'u» jedhe. \p \v 25 «Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina'a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu? \v 26 Sinbirroota ilaala'a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara'atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree? \v 27 Isin keessaa nami yaadiisaan, bara jiruu ifii irratti guyyuma tokkolle\f + \fr 6:27\fr*\fqa Guyyuma tokkolle: \fqa*\ft Saatuma tokkolle\ft*\f* ka dande'ee dabalatu jiraa? \p \v 28 «Marroo woya'aa maaf yaaddan ree? Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a; isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. \v 29 Te'uu malee, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan daraarota san keessaa akka tokkochaa woyaa akka hin uffatin isinitti hima. \v 30 Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba ree? Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo! \p \v 31 «Maarre, ‹Maan nyaanna?› yookiin ‹Maan unna?› yookiin ‹Maan uffanna?› jedhaa hin yaaddayina'a; \v 32 worri Yihudoota hin te'in yennaa mara yaada waan kanaatiin qabamaneeran. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka. \v 33 Dursa'aatii mootummaa Waaqaatii fi balchummaa isaa barbaada'a; tun martinuu isiniif hin kennanti. \v 34 Maarre marroo boruutiif hin yaadayina'a; guyyaan boruu ifiifuu yaaddoo isa gewu qaba. Rakkinni adhaa adhaaf hin geya» jedhe. \c 7 \s1 Namatti Muriisa \r (Luq. 6:37-38,41-42) \p \v 1 Yesuus, «Waaqi akka isinitti hin murre, isin namatti hin murina'a. \v 2 Muruma isin namatti murtanuun Waaqille isinitti mura; safaraa isin ittiin namaaf safartanutti isinille'eef safarama.\x - \xo 7:2 \xo*\xt Mar. 4:24\xt*\x* \p \v 3 «Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta! Jigeessa ila teeti keessaa maaf hin hubanne? \v 4 Jigeessi ila teeti keessa adoo jiruu, obboleessa keetiin, ‹Huura ila teeti keessaa sii fuudha› attam jedhuu dandeetta? \v 5 Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu; achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta. \p \v 6 «Waan Waaqaaf male sarootaaf hin kennina'a; isinitti garagalanee isin ciniinan. Dooqa keessan ka gatii guddoo qabulle booyyota dura hin buusina'a; isaan miilaan irra sirban» jedhe. \s1 Gaafadha'a, Barbaada'a, Dhodhowa'a \r (Luq. 11:9-13) \p \v 7 Yesuus itti dabalee, «Gaafadha'a, isiniif hin kennanti; barbaada'a, hin dhaggattanille'e; balbala dhodhowa'a isiniif hin bananti. \v 8 Ka gaafatu hin fudhata, ka barbaadulle hin dhaggata, ka balbala dhodhowuufille hin bananti. \v 9 Isin keessa ilmi isaa daabboo yoo gaafate, ka dhakaa kennuuf eennu? \v 10 Yookiin qurxummii yoo gaafate, dhudhuufaa hin kennaafii? \v 11 Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa gaafatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree! \p \v 12 «Waan namooti akka isiniif godhanuuf barbaaddanu isinille akkasuma isaaniif godha'a: Seerri Muuse'eetii fi raagoti kanuma barsiisan.\x - \xo 7:12 \xo*\xt Luq. 6:31\xt*\x* \s1 Karra Dhiphoo \r (Luq. 13:24) \p \v 13 «Karra dhipho'oon seena'a! Karaan gara badi'ii geessu badha'a; karrille badhoo waan teeteef, worri karra san seenu heddu'u. \v 14 Karaan gara jiru'uu geessu ammoo qadha'aa; karrille dhiphoo waan teeteef, worri karaa jiru'uu san dhaggatu diqqa'a» jedhe. \s1 Mukaa Fi Midhaan Isaa \r (Luq. 6:43-44) \p \v 15 Yesuus itti dabalee, «Raagota dharaa irraa ifi eeggadha'a; isaan gubbaa irra hoolota fakkaatanee, gara keessan dhufan; keessi isaanii ammoo yayyii isin butattu. \v 16 Midhaan\f + \fr 7:16 \fr*\fqa Midhaan: \fqa*\ft Waan isaan hujanuun\ft*\f* isaaniitiin isaan beettan. Midhaan woyni'ii kom'olcha irraa, midhaan harru'uu waaccuu irraa hin guuranu. \v 17 Akkasuma, muki dansaan midhaan dansaa, muki hamaan midhaan hamaa buusa. \v 18 Muki dansaan midhaan hamaa buusuu hin dande'u; yookiin muki hamaalle midhaan dansaa buusuu hin dande'u. \v 19 Muki midhaan dansaa hin buunne martinuu muramee ibiddatti gatama.\x - \xo 7:19 \xo*\xt Mat. 3:10; Luq. 3:9\xt*\x* \v 20 Tanaaf midhaan isaaniitiin raagota dharaa beettan» jedhe.\x - \xo 7:20 \xo*\xt Mat. 12:33\xt*\x* \s1 Ani Ijjumaa Isin Hin Beeku \r (Luq. 13:25-27) \p \v 21 Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu ka hujutti mootummaa ol-gubba'aatitti gala malee, ka, ‹Gootta'a, Gootta'a› jedhee na waamu marti hin galu. \v 22 Guyyaa mura'aa san, namooti hedduun, ‹Gootta'a, Gootta'a! Maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin durriisota hin baannee? Maqaa keetiin baasota hedduu hin hunyee?› anaan hin jedhan. \v 23 Ani ammoo, ‹Ijjumaa isin hin beeku. Isin worra dabaaleyyi'i; ila tiyya duraa deema'a!› jedhee ifatti isaanitti hima» jedhe. \s1 Jara Lamaan Mana Ijaartu \r (Luq. 6:47-49) \p \v 24 Yesuus, «Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassaa irratti ijaarrate tokko fakkaatta. \v 25 Bokkeenni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sun ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf hin jinne. \p \v 26 «Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine namicha gowwaa mana ifii maansa irratti ijaarrate tokko fakkaata. \v 27 Bokkeenni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sunille jigee akka malee butute» jedhe. \s1 Baallii Yesuusii \p \v 28 Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, gumiin barsiisa isaatitti baaseffatte. \v 29 Inni akka barsiisota isaanii ta Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu tokko isaan barsiise.\x - \xo 7:29 \xo*\xt Mar. 1:22; Luq. 4:32\xt*\x* \c 8 \s1 Yesuus Namicha Tokko Fayyise \r (Mar. 1:40-45; Luq. 5:12-16) \p \v 1 Yesuus yennaa gaara irraa gad bu'e, gumiin hedduun isa hordotte. \v 2 Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokkolle gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Gootta'a, yoo fedha keeti te'e na fayyisuu dandeetta» jedhe. \v 3 Yesuus harka ifii diriirsee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» jedheen; yennuma san namichi dhukkuba ifii irraa fayye. \v 4 Achiin duuba Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii, hayyichatti ifi mudhisi; fayyuun keeti nama maraaf akka dhugaa baya te'u, fayyuu keetiif qodha Muuseen ajaje dhikeessi!» isaan jedhe. \s1 Yesuus Tajaajilaa Ajajaa Dhibbaa Fayyise \r (Luq. 7:1-10) \p \v 5 Yesuus yennaa qachaa Qifirnaahoomii seene, ajajaan dhibba tokko dhufee isa kadhatee, \v 6 «Gootta'a, tajaajilaan kiyya nafa laashowee, dhibamee mana ciisee, rakkataa farriisatti jira» jedhe. \p \v 7 Yesuus, «Ani dhufee isa hin fayyisa» jedhe. \p \v 8 Ajajaan dhibbaa ammoo, «Gootta'a, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti; afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. \v 9 Aninuu worra baalli qabu jala jira, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa tokkochaan, ‹Deemi!› yoo jedheen, innille hin deema; kaanille'een, ‹Koy!› yoo jedheen, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyaan, ‹Kana huji!› yoo jedheen, innille hin huja» jedhe. \p \v 10 Yesuus yennaa tana dhage'e, baaseffatee worra isa hordofuun, «Ani isinitti hima, Israa'el keessatti dhugeeffannaa guddoo akkasii nama qabu tokkochalle hin dhaggine. \v 11 Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaq woliin hin nyaatan;\x - \xo 8:11 \xo*\xt Luq. 13:29\xt*\x* \v 12 worri mootummaa Waaqaa keessa te'uu male ammoo addee itti bowanuu fi ilkaan itti qaranu gara alaa dukkanatti hin gataman» jedhe. \v 13 Achiin duuba Yesuus ajajaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma dhugeeffanna teetii si'iif teetuu» jedhe. \p Tajaajilaan ajajaa dhibbaalle saatuma san fayye. \s1 Yesuus Kolbaa Hedduu Fayyise \r (Mar. 1:29-34; Luq. 4:38-41) \p \v 14 Yesuus yennaa mana Pheexroosii dhaqe, haati sodda'aa ta Pheexroosii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee taqee irra irkatiisatti jirtuun dhagge. \v 15 Inni harka isi'ii qabee, o'i nafaa isii lakkinnaan, isiille ol kaatee isaaf areerte. \p \v 16 Aduun seenteen duuba, worra durriisotaan qabamane hedduu gara Yesuusii fidane. Innille jecha ifiitiin durriisota baasee, worra dhibame maralle fayyise. \v 17 Wonni Isaayaasiin raagichi, \q1 «Inni dhibee teenna fudhate, \q2 dhukkuba keennalle ba'ate» jedhe akka muummottuuf inni tana godhe. \s1 Worra Yesuus Hordofiisaaf Barbaade \r (Luq. 9:57-62) \p \v 18 Yesuus adaala ifiititti gumii hedduu yennaa dhagge, gara abbaaya'aan gamaa akka bu'anu barattoota ifii ajaje. \v 19 Barsiisaan Seera Muuse'ee tokko gara isaa dhufee, «Barsiisa'a! Addee ati dhaxxu mara si hordofa» jedheen. \p \v 20 Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qaddi; sinbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu» jedheen. \p \v 21 Baratoota isaa keessaa ka dhibiin, Yesuusiin, «Gootta'a, dursee dhaqee abbaa kiyya akka awwaaladhu naa eeyyam» jedheen. \p \v 22 Yesuus ammoo, «Ati na hordofi! Du'aan du'aa ifii awwaalatuu ti» isaan jedhe. \s1 Yesuus Bubbee Cadhisiise \r (Mar. 4:35-41; Luq. 8:22-25) \p \v 23 Yennaa Yesuus hoboloo takka yaabe, barattooti isaalle isa woliin deemane. \v 24 Dedhuma bubbeen hantuun abbaayaa gubbaa kaatee, hoboloolle danbali'iin lixiisa geette; Yesuus ammoo rafeeraayyu. \v 25 Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Gootta'a, nu fayyisi! Dhumataarraa!» jedhaneen. \p \v 26 Yesuus deebisee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, maaf sodaattan?» jedheen. Achiin duuba inni ol ka'ee bubbe'ee fi danbalii ajajee, achitti cadheessi guddaan te'e. \p \v 27 Isaan baaseffatanee, «Kun nama attamii ti? Bubbe'ee fi danbaliille hin ajajamaniif!» jedhane. \s1 Yesuus Worra Durriisaan Qabame Fayyise \r (Mar. 5:1-20; Luq. 8:26-39) \p \v 28 Yesuus abbaaya'aan gamatti bu'ee biyya Gadara'aa\f + \fr 8:28\fr*\fqa Biyya Gadara'aa: \fqa*\ft Barreeffam durii durii gariin «Gergeesa'aa», kuun «Geraasa'aa» jedha\ft*\f* yennaa dhufe, namooti durriisi keessa jiru lamaan goda awwaalaatii gad itti dhufane; namooti kun haga nami karaa san dabariisa dadhabutti akka malee sodaachisane. \v 29 Isaan dedhuma, «Yesuus, Ilma Waaqaa, maan nu irraa qadda? Yennaan adoo hin geyin nu farrisiisiisa dhuttee?» jedhaa iyyane. \p \v 30 Diqquma isaan irraa fago'otti booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. \v 31 Maarre durriisoti, «Ati yoo gad nu baache, booyyota sanitti nu ergi» jedhanee Yesuus kadhatane. \p \v 32 Yesuus, «Dhaqa'a!» isaaniin jennaan, jara keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante. \p \v 33 Worri booyyota tissanu baqatanee qachaa seenanee, waan te'e maraa fi waan namoota durriisi qabeeru irratti te'e achitti odeessane. \v 34 Achiin duuba namooti qachaa keessaa marti Yesuus dhaggiisaaf gad bayane; isaan yennaa isa dhaggane, biyya isaanii lakkisee akka deemuuf isa kadhatane. \c 9 \s1 Yesuus Namicha Nafa Laashowe Fayyise \r (Mar. 2:1-12; Luq. 5:17-26) \p \v 1 Yesuus hoboloo yaabee abbaaya'aan gamatti bu'ee gara qachaa ifii\f + \fr 9:1\fr*\fqa Qachaa ifii: \fqa*\ft Qifirnaahoom (4:13 ilaali)\ft*\f* dhufe. \v 2 Jarri tokko achitti namicha nafi isaa laashowee itillee irra irkateeru tokko gara isaa fidde. Yesuus yennaa dhugeeffannaa isaanii dhagge, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe. \p \v 3 Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, «Namichi kun Waaqa faanshessiisatti jira» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane. \p \v 4 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan hantuu akkasii gadhaa keessan keessatti yaadattan? \v 5 ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii deem› jechuu irra kamittuu kaso'o? \v 6 Ammoo Ilmi namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deem!» jedhe. \p \v 7 Namichille ol ka'ee gara mana ifii deeme. \v 8 Kolbaan yennaa tana dhaggite baaseffattee, Waaqa baallii akkasii kolba'aaf kenne galateeffatte. \s1 Yesuus Maatewoos Waame \r (Mar. 2:13-17; Luq. 5:27-32) \p \v 9 Yesuus karaa san dabaruun, namicha qaraxa guuru tokko, ka Maatewoos jedhamu, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. \p Innille ol ka'ee isa hordofe. \p \v 10 Yesuus mana Maatewoosiititti nyaata irra jiruun, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun isaa fi barattoota isaa woliin nyaatiisaaf tee'ane. \v 11 Fariisaayoti gariin kana dhagganee, barattoota isaatiin, «Barsiisaan keessan worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaata?» jedhane. \p \v 12 Yesuus yennaa kana dhage'e, «Worra dhibameef malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu. \v 13 Dhaqa'aatii Barreeffama, ‹Ani marartii barbaada malee ciinca'aa moti› jedhu hiikkaan maan akka te'e qorqora'aatii hubadha'a. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf dhufe malee, balchoota waamiisaaf moti» jedhe. \s1 Gaaffii Marroo Laamiisaa \r (Mar. 2:18-22; Luq. 5:33-39) \p \v 14 Achiin duuba barattooti Yohaannisii cuupha'aa gara Yesuusii dhufanee, «Nuutii fi Fariisaayoti yennaa mara maaf laamaa, barattooti teeti ammoo ijjumaa maaf laamuu dhaban?» jedhanee gaafatane. \p \v 15 Yesuus deebisee, «Waajibichi isaan woliin adoo jiruu jaaloti hin gaddanii? Waawwo'o! Guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; achiin duuba isaan hin laaman. \p \v 16 «Eennulle woyaa haareya woyaa dullatti'itti hin erbu; sababille woyaan haaretti shuntuurachiittee qowa duriituu ka caalu gooti. \v 17 Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; sababille qalqalluun hin dho'a, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada; daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu malte; daadhiille, qalqalluulle hin badanu» isaaniin jedhe. \s1 Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartii Woyaa Yesuusii Tuxxe \r (Mar. 5:21-43; Luq. 8:40-56) \p \v 18 Yesuus adoo tana isaanitti dubbatiisatti jiruu, bulchaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Intalti tiyya ammuma na duraa duute; ati ammoo koyiitii harka keeti isii irra keyi; isiille deebitee hin jiraatti» jedhe. \v 19 Yesuus ka'ee barattoota ifii woliin isa faana dhaqe. \p \v 20 Dubartiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi isi'ii dhaabbatuu didee rakkataa turte takka isa duubaan dhuttee handaara woyaa Yesuusii tuxxe. \v 21 Isiin gadhaa ifiititti, «Yoo woyaa isaa callaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadatte. \v 22 Yesuus garagalee isii dhaggee, «Intala tiyya, jabaadhu! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen; dubartittiille yoosuma fayyite. \v 23 Achiin Yesuus gara mana bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa yennaa dhaqe, worra suusullee\f + \fr 9:23\fr*\fqa Suusullee: \fqa*\ft Ulullee\ft*\f* gaddaa afuufuu fi gumii caakkittee boottu dhaggee, \v 24 «Asii gad baya'a! Intalti rafiisatti jirti malee hin duune» jedhe. Isaan ammoo itti kollane. \v 25 Gumiin gad baateen duuba, Yesuus gara addee intalti jirtuu seenee harka isi'ii qabe; intaltille ol kaate. \v 26 Oduun marroo waan kanaa adaala san mara geette. \s1 Yesuus Namoota Ballaa Lama Fayyise \p \v 27 Yesuus achii ka'ee adoo dabariisatti jiruu, namooti ballaan lamaan isa hordofanee, «Ilma Daawitii, nu marari!» jedhaa iyyane. \v 28 Inni yennaa mana seene, namooti ballooti sun gara isaa dhikaatane; Yesuusille, «Akka ani kana godhuu dande'u hin dhugeeffattanii?» jedhee isaan gaafate. \p Isaanille, «Ee, Gootta'a!» jedhaneen. \p \v 29 Achiin duuba Yesuus ila isaanii qaqqabee, «Akkuma dhugeeffannaa teessanii isinii teetuu ti!» jedhe; \v 30 ilti isaaniille banante. Achiin duuba Yesuus, «Beekkadha'a, waan kana nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee jabeessee isaan ajaje. \p \v 31 Isaan ammoo achii bayanee oduu marroo Yesuusii adaala lafa sanii maraan geyane. \s1 Yesuus Namicha Afaan Duuda'aa Fayyise \p \v 32 Namooti ilti babbananteef akkuma achii bayaneen, jarri takka namicha afaan duudeeru ka durriisi qabeeru tokko gara Yesuusii fadane. \v 33 Durriisi yennaa keessaa baafame, namichi afaan duudee ture dubbate; kolbaalle baaseffattee, «Waan akkasii kana Israa'el keessatti nuuti ijjumaa dhagginee hin beennu!» jette. \v 34 Fariisaayoti ammoo, «Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» jedhane.\x - \xo 9:34 \xo*\xt Mat. 10:25; 12:34; Mar. 3:22; Luq. 11:15\xt*\x* \s1 Yesuus Kolba'aaf Naye \p \v 35 Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lallabaa, kolbaa dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisaa qachootaa fi olloota mara keessa deddeeme. \v 36 Inni akka hoolota tissee hin qannee kolbaa rakkattee fi qarqaarsa hin qanne yennaa dhagge nayeef. \v 37 Yennaa san inni barattoota ifiitiin, «Midhaan haamamu gudda'a; worri haamu ammoo diqqa'a. \v 38 Tanaaf abbaan midhaanii worra miidaan haamu gara midhaan haamamuu akka ergu daadimadha'a» jedhe.\x - \xo 9:38 \xo*\xt Luq. 10:2\xt*\x* \c 10 \s1 Yesuus Ergantoota Kudhanii Lama Filate \r (Mar. 3:13-19; Luq. 6:12-16) \p \v 1 Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan gara ifii waamee ayyaanota hamoota akka baasanu, dhukkubaa fi dhibee mara akka fayyisanu baallii isaaniif kenne. \v 2 Maqaan ergantoota kudhanii lamaanii asii gad jira: ka matoomaa, Simoon ka «Pheexroos» jedhamee fi obboleessa isaa Indiryaas; ilmaan Zabdewoosii, Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis; \v 3 Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa guuru, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos; \v 4 Simoonii hinaatticha, Yihudaa nama biyya keriyootii, ka dabarsee Yesuus kenne. \s1 Hujii Ergantoota Kudhanii Lamaa \r (Mar. 6:7-13; Luq. 9:1-6) \p \v 5 Yesuus worra kudhanii lamaan kana erge; qajeelfama asii gad jirulle itti kennee, «Gara worra Yihudoota hin te'inii hin dhaqina'a, yookiin qachoota Samaariyya'aa hin seenina'a. \v 6 Addee akkasii, Worra akka hoolotaa bade gara kolbaa Israa'elii dhaqa'a. \v 7 Akkuma dhaxxaneen, ‹Mootummaan Waaqaa dhikaatteerti› jedhaa lallaba'a.\x - \xo 10:7-15 \xo*\xt Luq. 10:4-12\xt*\x* \v 8 Dhibamaa fayyisa'a, du'aa kaasa'a, worra dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru fayyisa'a, durriisota baasa'a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna'a. \v 9 Marxoo\f + \fr 10:9\fr*\fqa Marxoo: \fqa*\ft Hiituu hidhaa\ft*\f* keessatti worqii, meetii yookiin sibiila diimaa hin qabatina'a. \v 10 Ideemiisa kara'aatiif korojoo, qoloo lama, yookiin kophee lama, ulee lama hin qabatina'a. Hojjattootaaf wonni isaan barbaachisu kennamuufii malte.\x - \xo 10:10 \xo*\xt 1 Qor. 9:14; 1 Xim. 5:18\xt*\x* \v 11 Isin gara qachaa yookiin ollaa tokkoo yennaa seentane, nama isin fudhatiisaa te'u tokko barbaada'a, haga addee san lakkittanutti isa bira tura'a. \v 12 Yennaa mana tokko seentanu, ‹Nageenni isinii te'u› jedha'a. \v 13 Worri mana sanii yoo isin fudhate, nageenni keessan isaanii te'u; yoo isaan isin hin fudhatin ammoo, nageenni keessan isinii deebi'u. \v 14 Eennulle yoo isin fudhatuu dhabe yookiin dubbii teessan dhage'uu dhabe, mana san yookiin qachaa san lakkittanee yennaa baatanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a.\x - \xo 10:14 \xo*\xt HuE. 13:51\xt*\x* \v 15 Ani dhugaa isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa sanii irra worra Sodoomii fi Gomora'aatiif irra kasoo hin teeti» jedhe.\x - \xo 10:15 \xo*\xt Mat. 11:24; Dad. 19:24-28\xt*\x* \s1 Miidhaa Dhufu \r (Mar. 13:9-13; Luq. 21:12-17) \p \v 16 Yesuus itti dabalee, «Ani akka hoolotaa odduu yayyi'ii isin erga; maarre akka bofaa qaroolee, akka saphaliisaa gadhi-laafeyyii te'a'a. \v 17 Namoota irraa ifi eeggadha'a; isaan gara kora mura'aa dabarsanee isin hin kennan, mana itti wolitti qabamanu keessatti isin hin dhaanan. \v 18 Sababa kiyyaaf akka isinitti muranu gara bulchitootaa fi moototaa waan geeffantanuuf, isaanii fi worra Yihudoota hin te'in duratti dhugaa baatota tiyya hin teetan. \v 19 Yennaa isaan dabarsanee isin kennanu ammoo, maan akka jettanu yookiin attam akka dubbattanu hin yaadina'a; yennuma san wonni dubbattanu isiniif hin kennanti. \v 20 Ayyaana Abbaa keessan ka ol-gubba'aatitti isin keessa jiraatee dubbata malee, isinii moti.\x - \xo 10:20 \xo*\xt Mar. 13:12; Luq. 21:16\xt*\x* \p \v 21 «Obboleessi obboleessa ifii, abbaalle ilma ifii du'atti dabarsee hin kenna; ijoolleelle worra ifii irratti hin kaati; hin ijjeesisiittille'e. \v 22 Sababa kiyyaaf nami marti isin jibba. Nami haga muumme'eetitti ossu ammoo hin fayya.\x - \xo 10:22 \xo*\xt Mat. 24:9; 13; Mar. 13:13; Luq. 21:17\xt*\x* \v 23 Yennaa isaan qachaa tokko keessatti isin miidhane, gara ka dhibi'ii baqadha'a. Ani dhugumaan isinitti hima, Ilmi Namaa adoo hin dhufiniin dura qachoota Israa'elii mara keessa deentanee hin fixxanu. \p \v 24 «Barataan barsiisaa ifii hin caalu, hojjataan hojjachiisaa ifii hin caalu.\x - \xo 10:24 \xo*\xt Luq. 6:40; Yoh. 13:16; 15:20\xt*\x* \v 25 Barataan akka barsiisaa ifii te'uun, hojjataan akka hojjachiisaa ifii te'uun hin geya. Isaan yoo abbaa manaa, ‹Bi'el Zebul\f + \fr 10:25\fr*\fqa Bi'el Zebul: \fqa*\ft Mooticha ayyaanota hamootaa\ft*\f*› jedhanee waamane worra mana isaa maqaa irra caalaa badaa attamiitiin waamu'uu jiran ree!\x - \xo 10:25 \xo*\xt Mat. 9:34; 12:24; Mar. 3:2; Luq. 11:15\xt*\x* \v 26 Maarre nama hin sodaatina'a. Wonni gollame mudhatuu hin ooltu; wonni dhoffame beekkamuu hin ooltu. \v 27 Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifa guyya'aatiin dubbadha'a. Waan hasaasa'aan dhageettane guutuu manaa irraa lallaba'a. \v 28 Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina'a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande'u Waaqa sodaadha'a. \v 29 Sinbirrooti didiqqoon lamaan saantimii tokkotti hin gurguramanii motii? Fedhii Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiruutiin malee sinbirroota san keessaa takkaalle lafa hin buutu. \v 30 Isin rifeensi mataa keessaniituu marti laakkowameera. \v 31 Maarre hin sodaatina'a; isin sinbirroota didiqqoo hedduu caalaa gatii qaddan» jedhe. \s1 Marroo Kiristoosii Dhugaa Bayiisa \r (Luq. 12:8-9) \p \v 32 Yesuus itti dabalee, «Nama duratti ka dhugaa naa bayu duudi'iif, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti dhugaa isaaf baya. \v 33 Ka nama duratti na mormatu duudii ammoo, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti isa hin mormadha» jedhe.\x - \xo 10:33 \xo*\xt 2 Xim. 2:12\xt*\x* \s1 Namooti Sababa Yesuusiitiif Gargar Bayane \r (Luq. 12:51-53; 14:26-27) \p \v 34 Yesuus itti dabalee, «Ani gara biyya lafaa nageya fidiisaaf waan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani shallaagaa malee, nageya fidiisaaf hin dhunne. \v 35 Ani ilma abba'aan, intala haadha ifiitiin, niitii ilmaa haadha dhirsa isi'iitiin\f + \fr 10:35\fr*\fqa Haadha dhirsa isi'iitiin: \fqa*\ft Haadha sodda'aatiin\ft*\f* gargar baasiisaaf dhufeera. \v 36 Diinoti keessan maatuma teessan keessaa hin te'a. \p \v 37 «Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii na caalaa jaalatu naaf ka malee moti; nami ilma ifii yookiin intala ifii na caalaa jaalatu naaf ka malee moti. \v 38 Nami fannoo ifii ba'atee na hin hordonne naaf ka malee moti. \v 39 Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba, nami naaf jedhee jiruu ifii dhabu hin fayyifata. \s1 Gatii Namooti Dhaggatanu \r (Mar. 9:41) \p \v 40 «Ka isin fudhatu na fudhata; ka ana fudhatu ka ana erge fudhata.\x - \xo 10:40 \xo*\xt Mar. 9:37; Luq. 9:48; 10:16; Yoh. 13:20\xt*\x* \v 41 Ka raagaa tokko waan inni raagaa te'eef fudhatu, gatii raagichaa hin dhaggata. Ka nama balchaa waan inni nama balchaa te'eef fudhatu, gatii balcha'aa hin dhaggata. \v 42 Dhugaa isiniin jedha, eennulle worra didiqqaa na hordofu kana keessaa tokkoof, waan inni barataa kiyya te'eef, bisaan unto'oo qabbanawaa xuuxxoo tokkolle yoo kenne, gatii hin fudhata» jedhe. \c 11 \s1 Worra Yohaannisiin Cuuphaan Erge \r (Luq. 7:18-35) \p \v 1 Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan ajaja itti kennee hobbaaseen duuba, addee san lakkisee qachaa adaala sanii keessa lallabiisaa fi barsiisiisaaf dhaqe. \p \v 2 Yohaannisiin cuuphaan adoo mana hidha'aa keessa jiruu, waan Kiristoos hujiisatti jiru dhage'ee, barattoota ifii keessaa garii ergee, \v 3 «Ka hin dhufa jedhame sun si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?» jedheen. \p \v 4 Yesuus deebisee, «Deebi'a'aatii waan dhageettanee fi waan dhaggitane Yohaannisitti hima'a: \v 5 Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaalle hiyyeeyyi'iif hin lallabanti. \v 6 Nami marroo tiyya mama hin qabaanne attam attam gammada» jedheen. \p \v 7 Barattooti Yohaannisii akkuma ideemaneen, Yesuus marroo Yohaannisii kolba'atti akkana dubbatee, «Goomolee keessatti yennaa gara Yohaannisii dhaxxane, isin maan ilaaliisaaf baatane? Shonbooqqoo\f + \fr 11:7\fr*\fqa Shonbooqqoo: \fqa*\ft Yookiin gaaguroo, obbaa\ft*\f* qilleensi daassuu? \v 8 Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffana dadansaa uffatu mana moototaa keessa jiran! \v 9 Maan ilaaliisaaf baatane ree? Raagaa tokko ilaaliisaafii? Ee, ani isinitti hima, isin ammoo ka guddoo raagaa caalu dhaggitane. \v 10 Inniin kun, ka Barreeffam Woyyichi, \q1 «‹Karaa keeti akka si'iin duratti qopheessu, \q2 ani ergamaa kiyya si'iin dura erga› jedhee dubbateeru. \p \v 11 «Ani dhugaa isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannisii cuuphaa caaleeru eennulle hin jiru; Mootummaa ol-gubba'aa keessatti ammoo, ka mara caalaa diqqaatu isa hin caala. \v 12 Bara Yohaannisiin cuuphaan barsiisuu jalqabe irraa ka'ee haga ammaa mootummaan ol-gubba'aa hunnaan dhiibatiisatti jirti; worri itti galiisaaf dhiibatu hin fudhatan. \v 13 Raagoti duudi'ii fi seerri Muuse'ee haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti raaganeeran. \v 14 Yoo dubbii isaanii fudhatiisa feetane, Yohaannisiin kun, Eliyaasii hin dhufa jedhame san.\x - \xo 11:14 \xo*\xt Mat. 17:10-13; Mar. 9:11-13\xt*\x* \v 15 Nami gurra qabu dhage'uuti. \p \v 16 «Dhaloota kana maaniin wol fakkeessina? Isaan akka ijoollee lafa dikko'oo keessa teteettee woliin, \v 17 ‹Suusullee\f + \fr 11:17\fr*\fqa Suusullee: \fqa*\ft Ulullee\ft*\f* isinii afuunne, isin hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine, isin hin gaddine› jedhanu fakkaattan. \v 18 Yohaannis adoo sagalee hin nyaatinii fi daadhii woyni'ii hin unin yennaa dhufe, ‹Inni durriisa qaba› jedhane. \v 19 Ilmi Namaa nyaataa unaa yennaa dhufe, isaan ‹Ilaa, gadhito'oo fi machowaa, lansa worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti› jedhaneen. Te'uu malee, qarummaan Waaqaa, hujii ifiitiin mirkanootteerti» jedhe. \s1 Qachoota Hin Dhugeeffanne \r (Luq. 10:13-15) \p \v 20 Achiin duuba Yesuus worra qachoota bilbaasota ifii inni irra caalaa keessatti huje keessa le'anu, waan isaan cubbuu irraa deebi'uu didaneef komate. \v 21 «Aanne'e si'iif, Koraaziin! Aanne'e si'iif, Betsayida'a! Bilbaasoti isin keessatti tolfame, adoo Xiiroosii fi Sidoon keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan achii yoosuu uffana gaddaa uffattee, daadhaa ifi irratti firfiffattee bara dheera'aan durattuu cubbuu irraa deebiteertiiyyu. \v 22 Ani ammoo isinitti hima, guyyaa mura'aa isin caalaa Xiiroosii fi Sidooniif irra kasoo teeti. \v 23 Atille Qifirnaahoom, haga gubba'aa ol ifi fuudhuu barbaaddee? Gara qile'ee gad buuta. Bilbaasoti si keessatti godhame, adoo Sodoom keessatti godhamee jiraatee, isiin haga guyyaa adhaa hin turtiiyyu. \v 24 Maarre ani sitti hima, guyyaa mura'aa san si caalaa worra Sodoomiitiif irra kasoo teeti» jedhe.\x - \xo 11:24 \xo*\xt Mat. 10:15; Luq. 10:12\xt*\x* \s1 Gara Kiyya Kowa'aa Foorfadha'a \r (Luq. 10:21-22) \p \v 25 Yennaa san Yesuus, «Abba'a, Goottaa ol-gubba'aa fi lafaa! Waan kana mara beekkole'ee fi qaroolee dhossitee, ijoollota didiqqo'otti\f + \fr 11:25\fr*\fqa Ijoollee didiqqo'otti: \fqa*\ft Worra beekkumsa yookiin qarummaa hin qannetti\ft*\f* waan mudhitteef ani si galateeffadha. \v 26 Ee, Abba'a, waan kanatti gammaddeerta. \v 27 Abbaan kiyya waan mara dabarse natti kenneera; Abbaa qofattuu beeka malee, Ilma ka beeku tokkolle hin jiru, akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutti Abbaa beeka malee, Abbaa ka beeku tokkolle hin jiru» jedhe.\x - \xo 11:27 \xo*\xt Yoh. 3:35; 1:18; 10:5\xt*\x* \v 28 «Isin worri ba'aa ulfaattuu ba'atee dadhabe marti, gara kiyya kowa'a, ani isin foorfachiisa. \v 29 Waanjoo\f + \fr 11:29\fr*\fqa Waanjoo: \fqa*\ft Qambaraa\ft*\f* kiyya fuudha'aatii ba'adha'a, ana irralle'ee baradha'a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan. \v 30 Waanjoon kiyya kaso'o, ba'aan tiyya sallo'o» jedhe. \c 12 \s1 Gaaffii Marroo Guyyaa Sanbataa \r (Mar. 2:23-28; Luq. 6:1-5) \p \v 1 Yennaa san guyyaa Sanbataatiin Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabare; barattooti isaalle waan beelotaneeranuuf, shawwee qamadi'ii kukkutanee nyaatiisa jalqabane. \v 2 Worri Fariisaayotaa yennaa tana dhagge, «Ilaa, barattooti teeti Guyyaa Sanbataatiin waan seerri hin eeyyanne godhiisatti jirti» Yesuusiin jedhane. \v 3 Yesuus deebisee, «Daawitii fi worri isa woliin jiru yennaa beelowane waan inni godhe isin hin dubbinnee? \v 4 Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqa dura dhikaattu, hayyoota qofa malee, inni yookiin worri isa woliin jiru nyaatiisaaf ta Seerri dhooggu nyaate. \v 5 Yookiin hayyooti Guyyaa Sanbataatiin Galma Waaqaa keessatti hujii yoo hujane, yakkaa te'ee akka itti hin laakkowanne, Seera Muuse'ee keessatti isin hin dubbinnee? \v 6 Ani isinitti hima, ka Galma Waaqaa caalu as jira. \v 7 Isin ammoo, ‹Ani marartii barbaada malee, ciinca'aa moti› jechuun maan akka te'e adoo beettanee jiraattanee, worra yakkaa hin qannetti yakkaa itti hin murtanuuyyu.\x - \xo 12:7 \xo*\xt Mat. 9:13\xt*\x* \v 8 Ilmi Namaa Sanbata irralle'etti Gootta'a» isaaniin jedhe. \s1 Namicha Harka Laashoweeru Tokko \r (Mar. 3:1-6; Luq. 6:6-11) \p \v 9 Yesuus addee san lakkisee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seene; \v 10 namichi harka laashoweeru tokko achi jiraayyu; jarri Yesuus himatiisaaf barbaadde takka, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisiis seerumaa?» jettee isa gaafatte. \v 11 Yesuus deebisee, «Isin keessaa nami hoolee takkaa qabu, guyyaa Sanbataatiin yoo isiin boolla buute, achi keessaa fuudhee alatti hin baasuu?\x - \xo 12:11 \xo*\xt Luq. 14:5\xt*\x* \v 12 Nami hoolee caalaa gatii guddoo hin qabaatuu ree! Tanaaf guyyaa Sanbataatiin dansaa hujuun Seeruma» jedhe. \v 13 Achiin duuba Yesuus namicha harka laashoween, «Harka keeti diriirsi» jedheen. Namichille yennaa harka diriirfate, harki fayyee, akkuma harka fayyaalessa kaanii te'e. \v 14 Fariisaayoti ammoo gad bayanee, attamiin akka isa ijjeesanu mala isatti dhowane. \s1 Tajaajilaa Waaqi Filate \p \v 15 Yesuus yennaa tana beeke, addee san lakkisee deeme. Gumiin hedduulle isa hordotte, innille worra dhibame mara fayyisee, \v 16 marroo isaa eennulle'etti akka hin dubbanne isaan ajaje. \v 17 Kunille ka raagicha Isaayaasiin raagame akka muummowuuf te'e. \q1 \v 18 Wonni raagamelle, «Kunoo, tajaajilaan kiyya, ka ani filadhe, \q2 jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddoo itti gammadde. \q1 Ayyaana kiyya isa gubbaa hin keya, \q2 innille worra Yihudoota hin te'iniif muraa dhuga'aa hin lassa. \q1 \v 19 Inni hin moromu yookiin hin iyyu, \q2 yookiin eennulle karaa keessatti qoonqoo isaa hin dhage'u. \q1 \v 20 Inni haga muraa dhuga'aa injifachiisutti \q2 leemmee caddee haanxottelle hin cassu; \q2 yookiin ifa kululu\f + \fr 12:20 \fr*\fqa Ifa kululu: \fqa*\ft Ifa dhaamiisa geyee liphi liphi jedhu. Ifi kun ifa shimalli yookiin liilanni gabbatu kennu\ft*\f* hin dhaanfu. \q2 \v 21 Worri Yihudoota hin te'inille addii isatti hin godhatan» jedhe. \s1 Yesuusii Fi Bi'el Zebul \r (Mar. 3:20-30; Luq. 11:14-23) \p \v 22 Achiin duuba namicha ballaa dubbatee hin dandeenne ka ayyaanni hamaan qabeeru tokko gara Yesuusii fidane; Yesuus isa fayyise, maarre namichi dubbatiisaa fi dhaggiisa dande'e. \v 23 Gumiin marti baaseffattee, «Inni Ilma Daawitii te'innaa?» jette. \p \v 24 Worri Fariisaayotaa ammoo yennaa tana dhage'ane, «Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha durriisotaa calla'aan durriisota baasa» jedhane.\x - \xo 12:24 \xo*\xt Mat. 9:34; 10:25\xt*\x* \p \v 25 Yesuus yaada isaanii beekee, «Mootummaan takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin jiddi, qachaan yookiin maatiin takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin dhaabbatu. \v 26 Seexannille Seexana yoo baase, inni ifi qoqooda; mootummaan isaa attamiin dhaabbatti ree? \v 27 Ani hunna Bi'el Zebuliitiin yoo durriisa baase, hordofattooti teessan hunna eennuutiin durriisota baasan? Tanaaf hordofattooti teessanuu isinitti hin muran. \v 28 Ani ammoo Ayyaana Waaqaatiin yoo durriisa baase, mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteerti. \p \v 29 «Yookiin namicha jabaa dursee hidhu malee, attamiin nami tokko mana namicha jaba'aa san seenee karra isaa saamuu dande'a? Eega isa hidhe mana isaa saamuu dande'a. \v 30 Eennulle ka golii tiyya hin te'in na moroma, nami na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa.\x - \xo 12:30 \xo*\xt Mar. 9:40\xt*\x* \v 31 Tanaaf ani isinitti hima, Waaqa faanshessiisaa fi cubbuu maraaf nami araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyicha faanshessu ammoo araara hin dhaggatu. \v 32 Nami Ilma Namaatiin moromee wo jedhu araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyichaan moromee wo jedhu ammoo, bara kanalle'etti te'ee bara dhufu'uu jirulle'etti araara hin dhaggatu.\x - \xo 12:32 \xo*\xt Luq. 12:10\xt*\x* \s1 Mukaa Fi Midhaan Isaa \r (Luq. 6:43-45) \p \v 33 «Muki midhaan isaatiin waan beekkamuuf, midhaan dansaa akka qabaattanuuf, muka dansaa qabaadha'a; muka badaa yoo qabaattane midhaan badaa hin qabaattan.\x - \xo 12:33 \xo*\xt Mat. 7:20; Luq. 6:44\xt*\x* \v 34 Isin ilmaan buuti'ii! Isin hamoolee adoo teetanuu, attamiin waan dansaa dubbatiisa dandeettan? Waan gadhaa guute afaan dubbata.\x - \xo 12:34 \xo*\xt Mat. 3:7; 23:33; 15:18; Luq. 3:7; 6:45\xt*\x* \v 35 Nami dansaan waan dansaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle waan hantuu gadhaa ifii keessaa waan hantuu baasa. \v 36 Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan; \v 37 Dubbuma teessaniin isiniif muranti, dubbuma teessaniin isinitti muranti» jedhe. \s1 Barsiisoti Beessisa Gaafatte \r (Mar. 8:11,12; Luq. 11:29-32) \p \v 38 Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti gariin, «Barsiisa'a, nuuti akka ati beessisa nu dhaggisiittu barbaanna» jedhaneen. \v 39 Yesuus ammoo deebisee, «Dhalooti hama'aa fi gaarayyeeffataan beessisa gaafata, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee beessisi dhibiin hin kennamuuf. \v 40 Akkuma Yoonaasiin raagichi halkan sadii fi guyyaa sadiin gadhaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaalle halkan sadii fi guyyaa sadiin awwaala keessa hin tura. \v 41 Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, sababille lallaba Yoonaasiitiin cubbuu irraa deebiteerti; kunoo, ka Yoonaas caalu as jira! \v 42 Mootittiin kibbaa qaccee biyya lafaatii qarummaa solomoonii caqasiisaaf waan dhutteef, guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, kunoo ka Solomoon caalu as jira!» jedhe. \s1 Bayee Deebi'iisa Ayyaana Hama'aa \r (Luq. 11:24-26) \p \v 43 Yesuus, «Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bayu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a, ammoo hin dhaggatu. \v 44 Achiin duuba, ‹Ani mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha. Yennaa deebi'u, manni duwwaa te'ee, haxowamee, qophoweeruun dhagga. \v 45 Achiin duuba Ayyaanni hamaan sun Ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamoota te'ane dhaqee fida; isaanille itti galanee achi le'an; haalli nama sanii ka durii caalaa ka duubarraa kun itti hammaata. Maarre dhaloota hamaa kana irralle'etti akkanuma hin te'a» jedhe. \s1 Haadhaa Fi Obboleeyyan Yesuusii \r (Mar. 3:31-35; Luq. 8:19-21) \p \v 46 Adoo Yesuus gumi'itti dubbatiisatti jiruu, haadhaa fi obboleeyyan isaa, isa dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbataneeraniiyyu. [ \v 47 Yennaa san nami tokko Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti si dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbatiisatti jiran» jedheen.]\f + \fr 12:47\fr*\ft Woraabbiin durii gariin laakkossa 47 hin qabanu\ft*\f* \v 48 Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa eennu, obboleeyyan tiyyalle eennu fa'a?» jedheen. \v 49 Achiin duuba gara barattoota ifii harkaan akeekee, «Kunoo ti! Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya! \v 50 Nami fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa godhu marti obboleessaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe. \c 13 \s1 Mammaassa Namicha Sanyii Facaasuu \r (Mar. 4:1-9; Luq. 8:4-8) \p \v 1 Guyyuma san Yesuus manaa bayee dhaqee abbaayaa Galiila'aa bira tee'e. \v 2 Gumiin hedduun isa biratti wolitti qabannaan, inni hoboloo takka keessa seenee barsiisiisaaf tee'e; kolbaan hedduulle qarqara abbaaya'aa dhaabbatteertiiyyu.\x - \xo 13:2 \xo*\xt Luq. 5:1-3\xt*\x* \v 3 Inni mammaassaan waan hedduu isaanitti himiisaaf ka'ee, «Caqasa'a! Nami tokko sanyii facaasiisaaf baye. \v 4 Inni adoo facaasuu, sanyiin gariin karaa keessa harcaate, sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. \v 5 Sanyiin dhibiin lafa dhakittii, addee biyyee guddoo hin qanne irra buute; biyyee gad fago'oo waan hin qanneef ariifattee muute. \v 6 Yennaa aduun itti baate ammoo qoorte; hidda gad fagaate waan hin qanneef godde. \v 7 Sanyiin gariin qoree keessa buute, qoreelle guddattee isii huute. \v 8 Sanyiin dhibiin biyyee dansaa irra buute, gariin midhaan dhibba, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan soddoma buutte. \v 9 Nami gurra qabu dhage'uu ti!» jedhe. \s1 Mammaassi Maaf Akka Barbaachise \r (Mar. 4:10-12; Luq. 8:9-10) \p \v 10 Achiin duuba barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Ati maaf mammaassaan kolba'atti dubbatta?» jedhane gaafatane. \v 11 Yesuus deebisee, «Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti, isaaniif ammoo hin kennanne. \v 12 Ka qabuuf, itti dabalantee hin kennantiif, bacaalle hin qabaata; ka wo hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatanti.\x - \xo 13:12 \xo*\xt Mat. 25:29; Mar. 4:25; Luq. 8:18; 19:26\xt*\x* \v 13 Wonni ani mammaassaan isaanitti dubbadhuuf, isaan adoo ilaalanuu hin dhagganu, adoo caqasanuu hin dhage'anu, yookiin hin hubatanu. \v 14 Maarre raagi Isaayaas dubbatte isaan irratti muummoweera; wonni raagamelle, \q1 «‹Isin caqasiisa hinuma caqattan, ammoo hin hubattanu, \q2 ilaaliisa hinuma ilaaltan, ammoo ijjumaa hin dhaggitanu, \q2 \v 15 qalbiin isaanii waan sigiddeef, \q2 gurri isaanii hin dhage'u, \q2 ilti isaanii dunuunfatteerti, \q2 maarre isaan ila isaaniitiin hin ilaalanu, \q2 gurra isaaniille'een hin caqasanu, \q2 qalbii isaaniitille'een hin hubatanu, hin deebi'anulle'e, \q2 anille silaa isaan hin fayyisaayyu› jedhe. \p \v 16 «Ammoo ilti teessan waan dhaggituuf, gurri keessanille waan dhage'uuf isin ka badhaatane. \v 17 Ani dhugaa isinitti hima, raagoti heddu'uu fi kolbaan balchooti hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf halchanee, ammoo hin dhaggine, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo hin dhageenne» jedheen. \s1 Hiikkaa Mammaassa Namicha Sanyii Facaasuu \r (Mar. 4:13-20; Luq. 8:11-15) \p \v 18 Yesuus itti dabalee, «Hiikkaa namicha sanyii facaasuu maan akka te'e dhage'a'a. \v 19 Nami jecha mootummaa Waaqaa dhage'ee hin hubatin, akka sanyii karaa keessatti facaafantee ti. Hamaalessi dhufee waan gadhaa isaa keessatti facaafame butata. \v 20 Sanyiin lafa dhakittii irratti facaafante, nama jecha dhage'ee yoosuma gammadaan fudhatu; \v 21 Te'uu malee inni hidda hin qabu, yennaa qofaaf jabaata malee, sababa jechaatiif yennaa rakkoon yookiin miidhaan kaatu, inni yoosuma gufata. \v 22 Sanyiin qoreelee odduu buute sun nama jecha dhage'u, ammoo yaaddoon lafa tanaatii fi jaalalli durumma'aa jecha hudha, midhaanille hin buusu. \v 23 Sanyiin biyyee dansaa irra buute ammoo, sun nama jecha dhage'ee hubatu, ka dhugumaan midhaan buusu, tokkochi midhaan dhibba, ka dhibiin midhaan jaatama, ka dhibiille midhaan soddoma buusan» jedhe. \s1 Mammaassa Jigida'aa \p \v 24 Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan ol-gubba'aa nama fichaa ifii keessatti sanyii dansaa facaase tokkoon wol fakkaatti. \v 25 Yennaa nami marti rafe ammoo, diinni dhufee odduu qamadi'iititti jigidaa facaasee deeme. \v 26 Yennaa qamadiin lattee midhaan buutte, jigidaalle mudhate. \v 27 Tajaajiltooti abbaa ficha'aalle dhufanee, ‹Gootta'a, fichaa keeti keessatti sanyii dansaa hin facaannee? Jigidaan kun eessaa dhufe ree?› jedhaneen. \v 28 Inni deebisee, ‹Kana ka godhe diina› jedhe. Tajaajiltooti deebisanee, ‹Nuuti dhandhee akka bubuqqinnu barbaaddaa ree?› jedhaneen. \v 29 Inni ammoo deebisee, ‹Waawwo'o; jigidaa buqqisiisa irratti qamadii woliin buqqittan. \v 30 Haga yennaa haamma'aatitti jigida'aa fi qamadiille wolumaan guddatanuu ti; yennaa haamma'aa, ani worra haamuun, akka gubamuuf dursa'aatii jigidaa buqqisa'aa laddee ladde'een hidha'a, qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galcha'a› jedhaan» jedhe. \s1 Mammaassa Midhaan Sanaafici'ii \r (Mar. 4:30-32; Luq. 13:18-19) \p \v 31 Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan Waaqaa midhaan sanaafici'ii ka nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti facaase fakkaatti; \v 32 midhaan isi'ii midhaan mara caalaa diqqaata, yennaa guddatte ammoo waan ficha'atti facaafame mara caaltee muka teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii keessatti mana ifii ijaarratti» jedhe. \s1 Mammaassa Uuko'oo \r (Luq. 13:20-21) \p \v 33 Yesuus ammalle mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan Waaqaa uukoo dubartiin takka fuutee bullaa safartuu sadiin wolitti mattee, bullaa san mara bukeessitu fakkaatti» jedhe. \s1 Mammaassi Maaf Akka Mammaakame \r (Mar. 4:33-34) \p \v 34 Yesuus mammaassaan waan kana mara gumi'itti dubbate; mammaassaan male waan tokkolle isaanitti hin dubbanne. \v 35 Wonni raagaan, \q1 «Mammaassaan afaan saaqadha; \q2 dadama biyya lafaatii jalqabee waan dhokate dubbadha» jedhe tanaan muummotte. \s1 Yesuus Mammaassa Marroo Jigida'aa Hiike \p \v 36 Achiin duuba Yesuus gumii lakkisee mana seene. Barattooti isaalle gara isaa dhikaatanee, «Mammaassa jigidaa fichaa qamadi'ii keessaa nuu hiiki» jedhaneen. \p \v 37 Yesuus deebisee, «Ka sanyii dansaa facaasu Ilma Namaa ti; \v 38 fichaan biyya lafaa ti; sanyiin dansaan ijoollee mootummaa Waaqaa ti; jigidaan ijoollee hamaalessaa ti; \v 39 diinichi jigidaa facaase Seexana; haammaan muummee biyya lafaa ti; worri haamu ergantoota Waaqaa ti. \v 40 Akkuma jigidaan wolitti qabamee ibiddaan gubamu, muummee biyya lafaalle'etti akkasuma hin teeti. \v 41 Ilmi Namaa ergantoota ifii hin erga; isaanille worra sababa cubbu'uu te'ee fi worra hantuu huju mara mootummaa isaa keessaa wolitti qabanee, \v 42 addee isaan bowaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti isaan gatan. \v 43 Balchooti ammoo mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu hin ifan. Nami gurra qabu dhage'uu ti!» jedheen. \s1 Mammaassa Karra Dhokatteertuu \p \v 44 Yesuus, «Mootummaan ol-gubba'aa karra fichaa keessatti dhoffante, ta nami tokko dhaggee deebisee dhosse fakkaatti; achiin duuba gammadaan deemee waan qabu mara gurguree fichaa san bitate. \p \v 45 «Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa daldalticha dooqa dansaa bitatiisaaf barbaadu fakkaatti; \v 46 daldaltichi dooqa gatii gudda'aa tokko yennaa dhagge, dhaqee waan qabu mara gurguree dooqa san bitate. \p \v 47 «Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa caccoo\f + \fr 13:47\fr*\fqa Caccoo: \fqa*\ft Tiyyoo qurxummi'iin qabanu\ft*\f* qurxummi'ii ta abbaaya'atti afanee qurxummii adda addaa duudii qadde fakkaatti; \v 48 caccoon yennaa guutte, isaan gara cina'aa harkisanee, gad tee'anee, qurxummii dadansaa saaxaraa keessa keyatanee, babadduu ammoo gatane. \v 49 Yennaa muummee biyya lafaalle akkasuma hin teeti. Ergantooti Waaqaa dhuttee worra hamoota worra balchoota irraa gargar baattee, \v 50 addee isaan bowaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti hin qolaansan» jedhe. \p \v 51 Yesuus, «Kana mara hubattaneertanii?» jedhee isaan gaafate. \p Isaan deebisanee, «Ee» jedhane. \v 52 Innille isaaniin, «Tanaaf barsiisaan Seeraa ka mootummaa ol-gubba'aatiif leenji'e, abbaa manaa ka meya mana ifii keessaa waan haareyaa fi waan dullattii gad baasu fakkaata» jedhe. \s1 Yesuus Naaziretitti Tuffatame \r (Mar. 6:1-6; Luq. 4:16-30) \p \v 53 Yesuus yennaa mammaassa kana fixate, addee san lakkisee deeme. \p \v 54 Inni gara biyya ifii dhufee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiise. Worri isa dhage'elle baaseffatanee, «Namichi kun qarummaa tana eessaa dhaggate, bilbaasi kunille maan?» jedhane. \v 55 Kun ilma namicha muka bocuutii motii? Haati isaa Maariyaam jedhantii motii? Obboleeyyan isaalle Yaaqoobii fi Yoseef, Simoonii fi Yihuda'aa motii? \v 56 Obboleettoti isaalle martinuu nu woliin jiranii motii? Inni waan kana mara eessaa dhaggate? \v 57 Tanaaf isaan isa tuffatane. Yesuus ammoo isaaniin, «Raagaan tokko addee dhibi'itti malee, biyya ifiitii fi mana ifii keessatti ulfinna hin dhaggattu» jedhe.\x - \xo 13:57 \xo*\xt Yoh. 4:44\xt*\x* \v 58 Sababa dhugeeffatiisa dhaba isaaniitiif, inni bilbaasota hedduu achitti hin hunye. \c 14 \s1 Du'a Yohaannisii Cuupha'aa \r (Mar. 6:14-29; Luq. 9:7-9) \p \v 1 Yennaa san Heroodisiin bulchaan biyya Galiila'aa, gurra Yesuusii dhage'ee, \v 2 tajaajiltoota ifiitiin, «Kun Yohaannisii cuupha'a; isatti du'a keessaa ka'eera, kanaaf hujiin bilbaasaa tun isaan hujamiisatti jirti» jedhe. \v 3 Heroodis sababa Heroodiyaasii niitii obboleessa ifii ta Filiphoosiitiif jedhee, Yohaannis qassiisee mana hidha'aatitti hiisiseeraayyu. \v 4 Yohaannis Heroodisiin, «Niitii obboleessa keetii fuudhuun sii seeraa moti» jedheeraayyu. \v 5 Heroodis, Yohaannis ijjeesiisaaf barbaade, ammoo kolbaan akka raaga'aatitti waan ilaalteertuuf sodaate. \v 6 Guyyaan dhaloota Heroodisii ulfeeffamuu yennaa geye ammoo, intalti Heroodiyaasii keessummoota duratti sirbitee, Heroodis guddoo gammachiitte. \v 7 Tanaaf Heroodis isi'iin, «Waan ati na gaafattu mara si'iif hin kenna» jedhee waadaa galeef. \v 8 Isiin Haadha ifiitiin gorfantee, «Ammuma mataa Yohaannisii cuupha'aa qori'itti naa kenni» jette. \v 9 Mootichi gadde; te'uu malee kakuu ifiitii fi keessummaa ifii duratti waadaa galeef jedhee, mataan Yohaannisii akka isi'iif kennamu ajaje; \v 10 Ittille ergee, mana hidha'aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kuchisiise. \v 11 Mataan sun qori'itti fidamee intalaaf kenname; isiin gara haadha ifii fidde. \v 12 Barattooti Yohaannisii dhufanee reeffa isaa fuudhanee awwaalane; achiin duuba dhaqanee Yesuusitti himane. \s1 Yesuus Nama Kuma Shanii Areere \r (Mar. 6:30-44; Luq. 9:10-17; Yoh. 6:1-14) \p \v 13 Yesuus du'a Yohaannisii yennaa dhage'e, addee san lakkisee qofuu hobolo'oon addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan deemuu isaa yennaa dhageette ammoo, qachaa keessaa baatee miilaan isa hordotte. \v 14 Yesuus qarqara abbaaya'aatitti hoboloo irraa bayee, yennaa gumii guddoo dhagge, isaaniif nayee dhibamoota isaaniille fayyise. \p \v 15 Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, «Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!» jedhaneen. \v 16 Yesuus ammoo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatanu kenna'aaf!» jedhe. \v 17 Isaan deebisanee, «Nuuti xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa asii qanna» jedhane. \v 18 Yesuus, «Sanuma gara kiyya as fida'a!» jedhe. \v 19 Achiin duuba inni gumiin marra irra akka teettu ajaje. Xaltaa shanii fi qurxumii lama fuudhee, gara ol-gubba'aa ilaalee, galateeffatee xaltaa caccassee, barattootatti kennee, barattootille gumi'iif kennane. \v 20 Isaan martinuu nyaatanee quufane; hambaa irraa hatte, kollonjoo kudhanii lama guutuu fuudhane. \v 21 Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin, dhiirti gara kuma shanii ti. \s1 Yesuus Bisaan Gubbaa Ideeme \r (Mar. 6:45-52; Yoh. 6:15-21) \p \v 22 Yennuma san inni adoo gumii geegessuu barattooti hoboloo yaabbatanee abbaayaa gamatti isaan dura akka bu'anu godhe. \v 23 Yesuus gumii geegesseen duuba, daadimatiisaaf qofuu gara gaaraa ol baye. Yennaa galgalootte, inni qofuu achi jiraayyu; \v 24 yennaa san hoboloon ammoo, qilleensi waan itti dhowuuf, qarqara irraa fagaattee, danbali'iin asii fi achi dadarbante. \v 25 Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeesso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe. \v 26 Barattooti yennaa bisaan gubbaa ideemuun isa dhaggite ammoo, bararaxxee, «Kun ekera'a» jettee soda'aan iyyite. \v 27 Yennuma san ammoo Yesuus, «Jabaadha'a! Wonni anaa, hin sodaatina'a!» jedhee dubbate. \p \v 28 Pheexroos deebisee, «Gootta'a, yoo si teete, bisaan gubbaa gara keeti akka dhufu na ajaji» jedheen. \v 29 Yesuus deebisee, «Koy!» jedhe. Maarre Pheexroos hoboloo keessaa bayee, gara Yesuusii, bisaan gubbaa ideemiisa jalqabe. \v 30 Qilleensa jabaa yennaa dhagge ammoo, sodaatee, lixiisaafille jalqabee jennaan, «Gootta'a, na fayyisi!» jedhee iyye. \v 31 Yesuus yennuma san harka ifii diriirsee, isa qabee, «Ati nama dhugeeffannaa diqqo'oo! Maaf mante?» jedheen. \v 32 Yennaa Yesuusii fi Pheexroos hoboloo yaabane, qilleensi cadhise. \v 33 Worri hoboloo keessaa, «Dhugumaan ati Ilma Waaqaa ti» jedhee Yesuusiif sagade. \s1 Yesuus Genesaarexitti Worra Dhibame Fayyise \r (Mar. 6:53-56) \p \v 34 Yesuusii fi barattooti isaa yennaa gamatti bu'ane, lafa Genesaarex jedhantu geyane. \v 35 Kolbaan lafa sanii Yesuus beetteen duuba, adaala san mara keessa ergaa ergitee worra dhibameeru mara gara isaa fichisiittee, \v 36 handaaruma woyaa isaalle akka isaan tuqanu kadhatte; worri tuqe martinuu fayye. \c 15 \s1 Seera Waaqaatii Fi Aadaa Maanguddo'oo \r (Mar. 7:1-13) \p \v 1 Achiin duuba Fariisaayotaa fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalemii gara Yesuusii dhufanee, \v 2 «Barattooti teeti maaf aadaa maanguddo'oo ulfeessuu dhaban? Isaan nyaatiisaan dura harka ifii hin dhiqatanu!» jedhaneen. \v 3 Yesuus deebisee, «Isin aadaa teessaniif jettanee maaf Seera Waaqaa ulfeessuu dhaddan? \v 4 Waaqi, ‹Abbaa keetii fi haadha teeti ulfeessi›, ‹Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du'uu qaba› jedhee ajajeera. \v 5 Isin ammoo nami tokko abba'aan yookiin haadhaan, ‹Qarqaarsi isin na biraa dhaggataa turtane Waaqaaf kennameera› yoo jedheen, \v 6 inni ‹Abba'aa fi [haadha ifii] ulfeessuu hin barbaachisu› jettan, aadaa teessaniif jettanee, Seera Waaqaa balleessitan. \v 7 Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif raagee, \b \q1 \v 8 «‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti, \q2 gadhaan isi'ii narraa fago'o. \q1 \v 9 Kolbaan tun ajaja namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa, \q2 akkasumaan na waaqonsiti› ta jedhe dhuga'a» jedhe. \s1 Waan Nama Batteessu \r (Mar. 7:14-23) \p \v 10 Achiin duuba Yesuus gumii gara ifii waamee, «Caqasa'aatii hubadha'a: \v 11 wonni nama batteessu waan afaan namaa keessaa bawu malee, waan gara afaan namaa seenuu moti» jedheen. \v 12 Achiin duuba barattooti itti dhikaattee, «Worri Fariisaayotaa waan ati jette yennaa dhage'ane akka gufatane beettaa?» jedhaneen. \v 13 Yesuus deebisee, «Wonni Abbaan kiyya ka ol-gubba'aa hin dhaabin marti hin buqqaati. \v 14 Waan isaanii lakkisa'a; isaan ballaa ballaa sooressu. Ballaan yoo ballaa sooresse, lamaanuu boolla keessa bu'an» jedhe.\x - \xo 15:14 \xo*\xt Luq. 6:39\xt*\x* \v 15 Pheexroos ammoo deebisee, «Mammaassa kana nuuf hiiki» jedheen. \v 16 Achiin duuba inni, «Isinille haga ammaa hin hubatin jirtanii? \v 17 Wonni afaaniin seenu martinuu, gadha'atti dabaree, nafa namaa keessaa akka bawu isin hin hubattanuu? \v 18 Wonni afaan namaatii bawu ammoo gadhaa irraa dhufa, wonni nama batteessulle kana.\x - \xo 15:18 \xo*\xt Mat. 12:34\xt*\x* \v 19 Sababille Yaadi hamaan, ijjeesuun, gaarayyeeffatuun, sagaagaluun, hatuun, dharaan dhugaa bawuun, maqaa namaa balleessuun gadhaa namaa keessaa baya. \v 20 Wonni nama batteessu kana malee, harka hin dhiqatiniin nyaatiis nama hin batteessu» jedheen. \s1 Dhugeeffannaa Dubartii Takkaa \r (Mar. 7:24-30) \p \v 21 Yesuus addee san lakkisee gara qachoota Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqe. \v 22 Achiin duuba dubartiin biyya Kana'aanii takka adaala sanii dhuttee, «Ilma Daawitii, Gootta'a! Intalti tiyya durriisaan qabantee farriisatti jirtii, naa marari» jedhaa iyyite. \v 23 Inni ammoo womaa isi'iif hin deebinne. Barattooti isaalle dhufanee, «Isiin iyyaa nu gula waan deentuuf, isii ifi irraa geegessi!» jedhaa isa kadhatane. \p \v 24 Yesuus deebisee, «Ani worra akka hoole'ee bade kolbaa Israa'elii qofaaf ergame» jedheen. \p \v 25 Dubartittiin ammoo dhuttee isa duratti jilbiiffattee, «Gootta'a, na gargaar» jetteen. \v 26 Yesuus deebisee, «Sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun sirri'ii moti» jedheen. \p \v 27 Isiin deebittee, «Ee, Gootta'a, te'uu malee sareelle woma qorii goottaa isaanii irraa harca'u nyaatti» jette. \p \v 28 Achiin duuba Yesuus deebisee, «Dubartii tana, dhugeeffannaan teeti guddo'o! Akkuma halchaa teetii sii teetuu» jedheen. Intalti isi'iille yoosuma fayyite. \s1 Yesuus Kolbaa Hedduu Fayyise \p \v 29 Yesuus achii deemeen duuba, cinaa abbaayaa Galiila'aatiin dabaree, gaaratti ol bayee achi tee'e. \v 30 Gumiin guddoon worra fafowe, worra ballaa, worra naafa, worra dubbatuu hin dandeennee fi worra dhibii hedduu fiddee gara isaa dhuttee, miila Yesuusii jala keette. Innille isaan fayyise. \v 31 Maarre gumiin worri dubbatee hin dandeenne dubbatuun, fafooti fayyanuun, naafoti ideemanuun, ballooti dhagganuun yennaa dhaggite baaseffatte. Waaqa Israa'eliille galateeffatte. \s1 Yesuus Nama Kuma Afur Areere \r (Mar. 8:1-10) \p \v 32 Achiin duuba Yesuus barattoota ifii gara ifii waamee, «Kolbaan tun guyyaa sadiin waan na woliin turteef, waan nyaattulle waan hin qanneef nayeeraaf; karaa irratti waan gaggadduuf, beelaan jiranuun isaan geegessuu hin barbaadu» jedheen. \p \v 33 Barattooti, «Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee gumii guddoo tana areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen. \v 34 Yesuus, «Xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafate. Isaan, «Xaltaa torbaa fi qurxummii didiqqoo diqqoo takka qanna» jedhaneen. \p \v 35 Maarre Yesuus akka gumiin lafa irra gad teteettu ajaje. \v 36 Achiin duuba xaltaa torbaa fi qurxummii fuudhee, Waaqa galateeffateen duuba, caccassee barattootatti kenne; barattootille kolba'aaf kennane. \v 37 Isaan martinuu nyaatanee quufane; barattooti hambaa hatte kollonjoo torba guutuu fuudhane. \v 38 Worri sagalee san nyaate, dubartootaa fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira kuma afur. \v 39 Yesuus gumii san geegesseen duuba, hoboloo yaabee gara lafa Magadaan jedhantu dhaqe. \c 16 \s1 Worri Fariisaayotaa Beessisa Gaafatane \r (Mar. 8:11-13; Luq. 12:54-56) \p \v 1 Worri Fariisaayotaatii fi worri Saduqootaa dhufanee, Yesuus haga ilaaliisaaf beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka itti mudhisu isa gaafatane.\x - \xo 16:1 \xo*\xt Mat. 12:38; Luq. 11:16\xt*\x* \v 2 Inni deebisee, «Yennaa galgalaa, ‹Gubbaan waan diimatteertuuf, haalli qilleensaa dansa'a› jettan; \v 3 bariille, ‹Gubbaan waan diimattee dukkudhootteertuuf, adha hin rooba› jettan. Bifa gubba'aa ilaaltanee attam akka te'u himuu hin beettan, beessisa baraa ammoo attam akka te'u himuu hin dandeettanu. \v 4 Dhalooti hama'aa fi Waaqaaf hin addatanne beessisa barbaada; ammoo beessisa Yoonaasii malee, beessisi hin kennamuuf» isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee deeme.\x - \xo 16:4 \xo*\xt Mat. 12:39; Luq. 11:29\xt*\x* \s1 Uukoo Fariisaayotaatii Fi Saduqootaa \r (Mar. 8:14-21) \p \v 5 Barattooti yennaa abbaaya'aan gamatti bu'ane, daabboo tokkolle fidatiisa dedhaneeran. \v 6 Yesuus, «Ilaalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a» isaaniin jedhe. \v 7 Isaan wol woliin, «Waan nuuti daabboo fidatiisa dhanneef akkas jedha» jedhane. \v 8 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, marroo daabboo fidatiisa dhabiisaa maaf dudubbattan? \v 9 Isin ammalle hin hubattanuu? Xaltaa shanan namoota kuma shaniif geyee, hambaa kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu? \v 10 Yookiin xaltaa torba namoota kuma afuriif geyee kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu?\x - \xo 16:10 \xo*\xt Mat. 15:34-38\xt*\x* \v 11 Marroo daabbo'oo akka ani hin dubbatin attam hubatuu dhaddan? Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a!» isaaniin jedhe. \v 12 Achiin duuba barattooti akka Yesuus uukoo daabbo'oo irraa adoo hin te'in, barsiisa Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eeggachiise hubatane. \s1 Pheexroos Ebeluu Yesuusii Hime \r (Mar. 8:27-30; Luq. 9:18-21) \p \v 13 Yesuus gara lafa qachaa Qiisaariyaa Filiphoosii bira yennaa dhaqe, barattoota ifiitiin, «Kolbaan Ilma Namaatiin eennu jetti?» jedhee gaafate. \v 14 Isaan deebisanee, «Gariin, ‹Yohaannisii cuupha'a› si'iin jedhan, worri dhibiin ammoo, ‹Eliyaas› si'iin jedhan, worri dhibiille, ‹Ermiyaas yookiin raagota keessaa tokko› si'iin jedhan» jedhaneen.\x - \xo 16:14 \xo*\xt Mat. 14:1-2; Mar. 6:14-15; Luq. 9:7-8\xt*\x* \v 15 Inni deebisee, «Isin hoo eennu anaan jettan?» isaaniin jedhe. \v 16 Simoon Pheexroos deebisee, «Ati Masiihii, Ilma Waaqa jiraata'aa ti» jedhe.\x - \xo 16:16 \xo*\xt Yoh. 6:66-69\xt*\x* \v 17 Yesuusille deebisee, «Ilma Yoona'aa Simoon, ati ka badhaate! Kana Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jirutti sitti mudhise malee, namaa moti. \v 18 Maarre Pheexroos\f + \fr 16:18\fr*\fqa Pheexroos: \fqa*\ft jechuun «Rassaa» jechu'u\ft*\f*, ani sitti hima, ati rassa'a; rassaa kana irratti wolde'a kiristaanaa kiyya hin ijaara; hunna du'aalle wolde'a kiristaanaa kana hin injifattu. \v 19 Ani furtuu mootummaa ol-gubba'aa si'iif hin kenna, wonni ati lafa irratti hiite, ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a, wonni ati lafa irratti hiittelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a» jedhe.\x - \xo 16:19 \xo*\xt Mat. 18:18; Yoh. 20:23\xt*\x* \v 20 Achiin duuba Yesuus Masiihii akka te'e eennulle'etti akka hin hinne jabeessee barattoota ifii ajaje. \s1 Yesuus Marroo Rakko'oo Fi Du'a Ifii Dubbate \r (Mar. 8:31—9:1; Luq. 9:22-27) \p \v 21 Yennaa sanii jalqabee Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani gara Yerusaalemii dhaquu qaba; achitti harka jaarsole'eetitti, harka sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddoo hin rakkadha, hin ijjeefamalle'e; guyyaa sadeesso'oo ammoo hin ka'a» jedhu'utti ka'e. \v 22 Pheexroos cina'atti isa baasee, «Gootta'a, Waaqi si hanqisu! Wonni kun ijjumaa si hin dhaqqabin» jedhaa isa xixuu jalqabe. \v 23 Inni ifi irra garagalee, Pheexroosiin, «Seexana, ana irraa bayyadhu! Qalbiin teeti waan namaa malee, waan Waaqaa waan hin yaadaneef, ati naaf gufu'u» jedheen. \p \v 24 Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Nami yoo na hordofuu barbaade ifi mormatee, fannoo ifii ba'atee na hordofuu ti.\x - \xo 16:24 \xo*\xt Mat. 10:38; Luq. 14:27\xt*\x* \v 25 Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba; nami naaf jedhee jiruu ifii dhabu, hin dhaggata.\x - \xo 16:25 \xo*\xt Mat. 10:39; Luq. 17:33; Yoh. 12:25\xt*\x* \v 26 Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu'uu dande'a ree? \v 27 Ilmi Namaa ulfinna Abbaa ifiitiin ergantoota ifii woliin hin dhufa; achiin duuba tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii hin kennaaf.\x - \xo 16:27 \xo*\xt Mat. 25:31; Far. 62:12; Rom. 2:6\xt*\x* \v 28 Ani dhugumaan isinitti hima, worra as dhaabbatanu keessaa, Ilmi Namaa mootummaa ifiitiin dhufuun haga dhagganutti, namooti hin duune jiran» jedhe. \c 17 \s1 Jijjiiramiisa Bifa Yesuusii \r (Mar. 9:2-13; Luq. 9:28-36) \p \v 1 Guyyaa jaan duuba, Yesuus Pheexroosii fi Yaaqoob, Yohaannisii obboleessa Yaaqoobille fudhatee, gara gaara dheeraa tokkoo qofitti ol isaan baase.\x - \xo 17:1-5 \xo*\xt 2 Phex. 1:17-18\xt*\x* \v 2 Innille isaan duratti bifa jijjiiramee, fuulli isaalle akka adu'uu ifee, woyaan isaalle adii calalaxxuu teete. \v 3 Dedhuma Muuse'ee fi Eliyaas Yesuus woliin dubbatanuun dhaggane. \v 4 Achiin duuba Pheexroos Yesuusiin, «Gootta'a, asitti dhaggamuun keenna nu'uuf dansa'a! Yoo fedhii keeti te'e, gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarraa» jedhe. \v 5 Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, dedhuma duumensi ifaalessi isaan golle; duumensa san keessalle'ee qoonqoon takka, «Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, isa dhage'a'a!» jette. \v 6 Barattooti yennaa tana dhage'ane, rifatanee lafa irratti fuulaan gad jigane. \v 7 Yesuus ammoo isaanitti dhikaatee harkaan isaan qaqqabee, «Ka'aa, hin sodaatina'a!» jedheen. \v 8 Isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Yesuus malee nama tokkolle hin dhaggine. \p \v 9 Isaan gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, Yesuus, «Ilmi Namaa du'aa haga ka'utti waan dhaggittane kana nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee barattoota ifii ajaje. \v 10 Barattooti isaalle, «Barsiisoti seera Muuse'ee, ‹Eliyaasitti dursee dhufuu qaba› maaf jedhan ree?» jedhanee isa gaafatane. \v 11 Inni deebisee, «Eliyaas waan mara adde'etti deebisiisaaf dhugumaan hin dhufa; \v 12 Ani ammoo isinitti hima Eliyaas duruu dhufeera, kolbaan isa hin hubanne, akkuma fedhane isa godhane. Maarre Ilmi Namaalle harka isaaniititti hin rakkata» jedheen. \v 13 Achiin duuba barattooti akka inni marroo Yohaannisii cuupha'aa isaanitti dubbatiisatti jiru hubatane. \s1 Yesuus Mucaa Ayyaana Hama'aan Qabame Fayyise \r (Mar. 9:14-29; Luq. 9:37-43) \p \v 14 Yennaa Yesuusii fi barattooti isaa sadiin gara gumi'ii deebi'ane, namichi tokko dhufee, Yesuus duratti jilbiiffatee, \v 15 «Gootta'a, mucaa kiyya mararfadhu, inni dhukkuba gaggaddu'uu\f + \fr 17:15\fr*\fqa Gaggaddu'uu: \fqa*\ft Gaggaddo'oo\ft*\f* waan qabuuf guddoo rakkatiisatti jira; inni yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti jiga. \v 16 Ani gara barattoota teetii isa fidee, isaan ammoo isa fayyisuu hin dandeenne» jedhe. \v 17 Yesuus deebisee, «Isin dhaloota hin dhugeeffannee fi dabaalessa! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida'a!» jedhe. \v 18 Yesuus ayyaana hamaa san xixee, mucaa keessaa baase; mucaalle yoosuma fayye. \p \v 19 Achiin duuba barattooti qofuu gara Yesuusii dhufanee, «Nuuti maaf ayyaana hamaa san baasuu dadhanne?» jedhanee isa gaafatane. \v 20 Yesuus deebisee, «Waan dhugeeffannaan teessan diqqaatteef re! Ani dhugumaan isinitti hima, dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici'ii adoo qabaattanee, gaara kanaan, ‹Asii ka'ii achi deemi!› yoo jettane, innille hin deema; wonni isiniif hin dande'anne hin jirtu. [ \v 21 Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu» isaaniin jedhe.]\f + \fr 17:21\fr*\ft Woraabbiin durii durii gariin laakkossa kana hin qabu\ft*\f* \s1 Yesuus Ammalle Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Dubbate \r (Mar. 9:30-32; Luq. 9:43-45) \p \v 22 Yennaa barattooti isaa Galiilaa keessatti wolitti qabamane, Yesuus isaaniin, «Ilmi Namaa harka namootaatitti dabarfamee hin kennama, \v 23 isaanille isa hin ijjeesan, inni ammoo guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Isaanille guddoo gaddane. \s1 Kaffala Gibira Galma Waaqaa \p \v 24 Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Qifirnaahoom geyane, worri gibira Galma Waaqaa guuru gara pheexroosii dhufanee, «Barsiisaan keessan gibira Galma Waaqaa hin kaffaluu?» jedhaneen. \p \v 25 Pheexroos, «Ee, hin kaffala» jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee adoo isatti hin dubbatinuu, Yesuus dursee, «Simoon, maan sitti fakkaata? Moototi biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennu irraa guuran? Nama biyya ifii irraa moo nama biyya dhibi'ii irraa guuran?» jedhee isa gaafate. \p \v 26 Pheexroos deebisee, «Nama biyya dhibi'ii irraa guuran» jedheen. \p Yesuus deebisee, «Nami biyya isaanii bilisa ree! \v 27 Te'uu malee, nuuti gufuu akka isaanitti hin teene, gara abbaaya'aa dhaqiitii malxaqqoo bisaanitti darbadhu; qurxummii qara baatu fuutee, afaan isi'ii yoo bante, beesee keessatti hin dhaggita; beesee san fuudhiitii naaf, ifille'eef kaffali!» jedheen. \c 18 \s1 Ka Caalu Eennu \r (Mar. 9:33-37; Luq. 9:46-48) \p \v 1 Yennaa san barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Mootummaa Waaqaa keessatti ka caalu eennu?» jedhaneen. \v 2 Inni daa'ima tokko waamee, isaan dura dhaabbachiisee, \v 3 «Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa'immaanii hin te'in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubba'aatitti hin galtanu. \v 4 Eennulle ka akka daa'ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubba'aa keessatti mara ka caalu te'a. \v 5 Eennulle daa'ima akkasii maqaa kiyyaan ka fudhatu na fudhata. \s1 Gara Cubbu'uu Ataabuu \r (Mar. 9:42-48; Luq. 17:1-2) \p \v 6 «Isin keessaa nami tokko worra didiqqaa natti dhugeeffatu kana keessaa tokkotti gufuu yoo te'e, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee qilee abbaaya'aatitti adoo gatamee liqinfamee isaa woyya. \v 7 Sababa waan kolbaa gufachiisuutiif biyya lafaatiif aanne'e! Wonni gufachiisu dhufuu hin oolu; ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e! \v 8 Harki keeti yookiin miilli keeti akka cubbuu tolchitu yoo si gufachiise, kutii gati; harka lamaan yookiin miila lamaan qabaattee ibidda bara baraatitti gatamiisaa mannaa, fafoottee yookiin naafattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya. \v 9 Ilti teetille yoo si gufachiitte, ifi keessaa baasii gati; ila lamaan qabaattee qilee ibiddaatitti gatamiisaa mannaa, ila takkaa qabaattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya» jedhe. \s1 Mammaassa Hoolee Baddee \r (Luq. 15:3-7) \p \v 10 Yesuus, «Ani isinitti hima, ergantooti Waaqaa ta ol-gubbaa jirtu, ta isaan eeddu yennaa mara fuula Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu waan ilaaltuuf, worra didiqqaa kana keessaa tokkocha akka hin tuffanne ifi eegadha'a. [ \v 11 Ilmi Namaa worra bade fayyisiisaaf dhufe.]\f + \fr 18:11\fr*\ft Woraabbiin durii gariin laakkossa 11 hin qabanu\ft*\f* \v 12 Maan isinitti fakkaatti? Nami tokko hoolota dhibba qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo badde, sagaltamii sagal gaara irratti lakkisee ta badde san hin barbaaduu? \v 13 Ani dhugumaan isinitti hima, inni yoo isii dhagge, ta hin badin sagaltamii sagal caalaa itti gammada. \v 14 Akkasuma worra didiqqaa kana keessaa tokkolle akka badu fedhii Abbaa keessan ka ol-gubba'aatii moti. \s1 Nama Yakkeef Maan Godhuu Akka Barbaachisu \r (Luq. 17:3) \p \v 15 «Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage'e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta. \v 16 Inni yoo si hin dhage'in ammoo, dubbiin marti dhugaa baya nama lamaatiin yookiin sadiitiin waan mirkanoottuuf, nama dhibii tokko yookiin lama fudhadhuu dhaqi. \v 17 Inni yoo isaan dhage'uu dide, wolde'a kiristaanaatitti himi; wolde'a kiristaanaalle yoo dhage'uu dide, akka worra Yihudoota hin te'iniitii fi guurtuu qaraxaatitti laakkow. \p \v 18 «Ani dhuguma isinitti hima, wonni isin lafa irratti hiitane ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a; wonni isin lafa irratti hiittanelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a. \v 19 Ammalle, ani isinitti hima, isin keessa nami lama, biyya lafaa irratti marroo waan tokkoo wolii galee yoo daadimate, Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jiru waan isaan daadimatane san isaaniif hin godha. \v 20 Addee namooti lama yookiin sad maqaa kiyyaan wolitti qabamanutti, ani isaan woliin jira» jedhe. \s1 Woliif Araaramuu \p \v 21 Achiin duuba Pheexroos gara Yesuusii dhikaatee, «Gootta'a, obboleessi kiyya yoo na yakke, yennaa meeqa araaramaaf? Yennaa torbaa?» jedheen. \v 22 Yesuus deebisee, «Ani haga yennaa torbaatamii torbaa\f + \fr 18:22\fr*\ft Woraabbiin gariin «Yennaa torbaatama yennaa torba» jedha\ft*\f* ti malee, haga yennaa torbaati si'iin hin jedhu. \p \v 23 «Waan kanaaf mootummaan ol-gubba'aa mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatiisaaf barbaade tokko fakkaatti. \v 24 Inni yennaa herreguu jalqabe, nama inni beenyaa beesee irraa qabu tokko itti fidane. \v 25 Innille kaffaluu dadhabee jennaan, goottaan isaa akka inni niitii ifii, ijoollee ifiitii fi waan qabu mara woliin gurguramee beenyaan kaffalamu ajaje. \v 26 Maarre hojjataan sun miila isaatitti jigee, ‹Naa ossadhu, anille waan maraa sii hin kaffala› jedhee kadhate. \v 27 Goottaalle isaaf nayee, beenyaa isaalle lakkiseefii, akka deemuuf gad lakkise. \v 28 Hojjataan sun ammoo, akkuma gad bayeen, hojjatuma akka isaa meetii dhibba tokko beenyaa irraa qabutti bayee, hudheelle isa qabee, ‹Beenyaa kiyya naaf deebis› jedheen. \v 29 Achiin duuba hojjataan akka isaa sun gad jigee, ‹Naa ossadhu, ani sii kaffala› jedhee isa magannifate. \v 30 Inni ammoo dide; achiin duuba qabee dhaqee haga inni beenyaa isaa kaffalutti mana hidha'aatitti galchisiise. \v 31 Hojjattooti akka isaa worri dhibiin yennaa waan te'e kana dhaggane, guddoo gaddanee, waan te'e san mara goottaa isaaniititti himane. \v 32 Achiin duuba goottaan isa waansisee, ‹Ati hojjataa hamaalessa! Waan na magannifatteef ani beenyaa san mara sii lakkise. \v 33 Akkuma ani si mararfadhe, atille hojjataa akka keetii mararfatu'uu hin mallee ree?› jedheen. \v 34 Aari'iin goottaan isaa haga inni beenyaa isa irra jiru mara kaffalutti worra isa rakkisutti dabarsee kenne. \p \v 35 «Maarre isinille gadhaa tokkoon obboleessa keessaniif yoo hin araaramin, tokkoo tokkoo keessan Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jirulle akkasuma hin godha» jedhe. \c 19 \s1 Yesuus Dhirsaa Fi Niitiin Akka Wol Hin Lakkinne Barsiise \r (Mar. 10:1-12) \p \v 1 Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, Galiilaa lakkisee laga Yordaanosiitiin gama gara lafa Yihuda'aa dhaqe. \v 2 Gumiin guddoon isa hordottee, innille achitti isaan fayyise. \p \v 3 Worri Fariisaayotaa gariin gara Yesuusii dhufanee, haga isa ilaaliisaaf barbaadanee, «Nami tokko Sababuma fedheefuu haadha manaa ifii lakkisuun seeraa?» jedhanee isa gaafatane. \p \v 4 Yesuus deebisee, «Waaqi jalqaba, ‹dhiiraa fi dubartii› tolchee akka isaan dade hin dubbinnee?» jedhe. \v 5 Itti dabaleelle, «Waan kanaaf nami haadhaa fi abbaa ifii hin lakkisa, haadha manaa ifiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko hin te'an. \v 6 Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe. \p \v 7 Fariisaayoti, «Abbaan manaa woraqata lakkeessaa kenneefii akka isii lakkisu, Muuseen maaf ajaje ree?» jedhaneen. \p \v 8 Yesuus deebisee, «Sababa mataa-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadhotii manaa teessan lakkittanu isinii eeyyame malee, jalqaba irratti akkasii moti. \v 9 Anille isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami haadha manaa ifii lakkisee ta dhibii fuudhu, hin gaarayyeeffata\f + \fr 19:9\fr*\ft Woraabbiin durii durii gariin, «Dubartii lakkifante ka fuudhelle hin gaarayyeeffata» ka jedhulle itti dabala\ft*\f*» isaaniin jedhe.\x - \xo 19:9 \xo*\xt Mat. 5:32; 1 Qor. 7:10-11\xt*\x* \p \v 10 Barattooti isaa deebisanee, «Wonni abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkas teete, fuudhuu dhabuu woyya» jedhaneen. \v 11 Yesuus deebisee, «Worra kennanteef malee, barsiisa kana nami marti dande'ee hin fudhatu. \v 12 Worri guneessa te'anee dhalatane jiran, worri harka namaatiin guneessa te'anelle jiran, worri mootummaa Waaqaatiif jedhanee guneessa ifi godhaneelle jiran. Nami kana fudhatiisa dande'u fudhatuu ti» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Ijoollee Didiqqoo Eebbise \r (Mar. 10:13-16; Luq. 18:15-17) \p \v 13 Achiin duuba akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee daadimatuuf ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti isaa ammoo worra ijoollee fide xixane; \v 14 Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa'a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina'a» jedhe. \v 15 Innille harka ifiitiin ijoollee qaqqabee achii ka'ee deeme. \s1 Namicha Dargaggeessa Dureessa \r (Mar. 10:17-31; Luq. 18:18-30) \p \v 16 Achiin duuba namichi tokko gara Yesuusii dhufee, «Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf, hujii dansaa maan hujuu qaba?» jedheen. \p \v 17 Yesuus deebisee, «Marroo hujii dansa'aa maaf na gaafatta? Dansaan Waaqa tokkocha qofa. Jiru'utti galiisaaf yoo feete, ajajoota Waaqaa eegadhu» jedheen. \p \v 18 Namichi dargaggeessi, «Ajajooti kam inni?» jedheen. Yesuus deebise, « ‹Hin ijjeesin; hin gaarayyeeffatin; hin hatin; dharaan dhugaa hin bayin; \v 19 haadhaa fi abbaa keetiif ulfinna kenni; ammalle, ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu» jedheen. \v 20 Dargageessille deebisee, «Ani ajajoota kana eegadheera; ammaa wonni narraa dhidhateeru maan?» jedhe. \v 21 Yesuus deebisee, «Ka dhidhuu hin qanne te'uu yoo feete, dhaqii, waan qaddu mara gurgurii beesee hiyyeeyyi'iif kenni; ol-gubba'atti karra hin qabaatta; achiin duuba koyiitii, na hordofi» jedheen. \p \v 22 Dargaggeessi sun tana yennaa dhage'e, karra guddoo waan qabuuf, gaddaa achii deeme. \p \v 23 Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani dhuguma isinitti hima, nami dureessi mootummaa ol-gubba'aatitti galiisi guddoo rakkisa'a. \v 24 Ammalle ani isinitti hima, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisa irra gaalli qowa limmo'oo\f + \fr 19:24\fr*\fqa Limmo'oo: \fqa*\ft Limmee, marfee\ft*\f* keessa hulluuqiisatti irra kaso'o» jedhe. \p \v 25 Barattooti isaa yennaa tana dhage'ane, guddoo maalalanee, «Eentu fayyuu dande'a ree?» jedhane. \p \v 26 Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande'antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande'anti» jedhe. \p \v 27 Achiin duuba Pheexroos deebisee, «Ilaa, nuuti waan mara lakkinnee si hordonneerra. Nuuti maan dhaggatu'uu jirra ree?» jedhe. \p \v 28 Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima, biyya lafaa haareya dhuttutti, Ilmi Namaa barcumaa mootummaa ulfinna ifii gubbaa yennaa tee'u, isin worri na hordottanelle barcumaa mootumma'aa kudhanii lama gubbaa teettanee, gosa Israa'elii kudhanii lamatti murtan. \v 29 Nami naaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin fichaa lakkise, dachaa dhibba hin fudhata; jiruu bara baraalle hin dhaggata. \v 30 Ammoo worri hedduun amma dura jiru worra duuba jiru hin te'a; worri duuba jirulle worra dura jiru hin te'a» isaaniin jedhe.\x - \xo 19:30 \xo*\xt Mat. 20:16; Luq. 13:30\xt*\x* \c 20 \s1 Mammaassa Hojjattoota Fichaa Woyni'ii \p \v 1 «Mootummaan ol-gubba'aa nama fichaa woyni'ii qabu, ka barii halkaniin addee woynii ifiitiif hojjattoota qaxaru'uuf baye tokko fakkaatti. \v 2 Beesee mindaa guyyaa tokkootiin hojjattootaan wolii galeen duuba, gara fichaa woynii ifiititti isaan erge. \v 3 Gara saatii sadiititti inni yennaa gad bawu, worra dhibii addee dikko'oo hujii malee dhaabbatiisatti jiranu dhagge; \v 4 innille isaaniin, ‹Isinille gara fichaa woyni'ii dhaqa'aa huja'a; anille kaffaltii malte isinii kaffala› jedheen. \v 5 Maarre isaanille dhaqane. Gara saatii jaatii fi gara saatii sagaliille'etti inni bayee akkasuma godhe. \v 6 Gara saatii kudhanii tokkoolle'etti inni bayee worra dhibii adaala san dhaabbateeruun dhaggee, ‹Guyyaa guutuu hujii malee maaf as dhaabbattan?› jedheen. \v 7 Isaanille, ‹Nama nu qaxaru waan dhanneef as dhaabbanna› jedhaneen. Inni, ‹Isinille gara fichaa woyni'ii dhaqa'aa huja'a› jedheen. \v 8 Yennaa galgalootte, abbaan fichaa woyni'ii toowataa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra duubarra qaxarameen jalqabii haga worra dursee qaxarameetitti, kaffaltii isaanii kenniif› jedheen. \v 9 Worri gara saatii kudhanii tokkootitti qaxaramane dhufanee, tokko tokkoon isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatane. \v 10 Worri dursee qaxarame yennaa dhufe, isaan caalaa waan fudhatanu seyane; isaanille ammoo minduma guyyaa tokkoo fudhatane. \v 11 Isaan yennaa beesee fudhatanelle, abbaa fichaa woyni'ii irratti gungumanee, \v 12 ‹Hojjattooti duubarra qaxaramane saatii tokko qofa hujane, ati ammoo nu worra adu'utti woxalamaa guyyaa guutuu dadhabaa oolle isaan woliin nu qixxeessite› jedhane. \v 13 Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan, ‹Jaali, ani womaa si hin balleessine; ati guyya'atti mindaa guyyaa tokkootiin motii ka anaan wolii galte? \v 14 Kaffaltii teeti fudhadhuu deemi; haguma si'iif kenne namicha duubarra qaxarame kanaafille kenniisa fedha. \v 15 Beesee tiyyaan waan fedhe godhuu hin dande'uu? Yookiin ati waan ani arjoomeef hinaattaa?› jedhe» jedhe. \p \v 16 Achiin duuba Yesuus, «Worri duubaa dura, worri duraa duuba hin te'an\f + \fr 20:16\fr*\ft Woraabbiin durii durii gariin, «Worra heddu'utti waamame, ammoo worra diqqa'atti filame» ka jedhu itti dabala.\ft*\f*» jedhe.\x - \xo 20:16 \xo*\xt Mat. 19:30; Mar. 10:31; Luq. 13:30\xt*\x* \s1 Yesuus Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Sadeessoo Dubbate \r (Mar. 10:32-34; Luq. 18:31-34) \p \v 17 Yesuus gara Yerusaalemii ol deemiisatti jiruun, barattoota kudhanii lamaa qofitti fuudhee, \v 18 «Kunoo, nuuti gara Yerusaalemii ol bayiisatti jirra, Ilmi Namaa sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraatitti dabarfamee hin kennama; isaanille yakkaa du'aa isatti muran. \v 19 Achiin duuba akka isaan itti taphatanee, dhaananee fannisanu worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee isa hin kennan. Guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. \s1 Gaaffii Haadha Ilmaan Zabdewoosii \r (Mar. 10:35-45) \p \v 20 Achiin duuba haati ilmaan Zabdewoosii ilmaan ifii woliin gara Yesuusii dhuttee, isa duratti jilbiiffattee, waan tokko akka godhuuf isa gaafatte. \p \v 21 Innille isi'iin, «Ati maan barbaadda?» jedhe. \p Isiille isaan, «Ilmaan tiyya lamaan tun mootummaa teeti keessatti tokkochi midda keetitti, tokkochi bitaa keetitti, akka tee'anu naa godhi» jetteen. \p \v 22 Yesuus ammoo deebisee, «Isin waan gaafatanu hin beettanu. Isin muduunuu rakko'oo ta ani uniisa geyeeru unuu hin dandeettanii?\f + \fr 20:22\fr*\ft Woraabbiin durii durii gariin, «Cuuphama ani cuuphamaaru isin cuuphamuu hin dandeettanii?» ka jedhu itti dabalan\ft*\f*» isaaniin jedhe. \p Isaanille, «Nuuti hin dandeenna» isaan jedhane. \p \v 23 Innille, «Isin dhugumaan muduunuu rakko'oo ta ani unu hin untan, ammoo ka namoota midda kiyyaa fi bitaa kiyyatti teessisu anaa moti; addeen tun worra Abbaan kiyya isaaniif qopheesseeruuf kennanti» isaaniin jedhe. \p \v 24 Barattooti kudhan marroo waan kanaa yennaa dhage'ane, obboleeyyan lamaan sanitti aarane. \v 25 Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, «Bulchitooti worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii irratti akka goottomanu, qondaaltoti isaaniille isaan irratti baallii guutuu akka qabanu isin hin beettan. \v 26 Odduu teessanitti akkas hin teetu; eennulle isin keessaa nami guddaa te'uu fedhu tajaajilaa keessan te'uu ti; \v 27 akkasuma eennulle isin keessaa nami nama namaan duraa te'uu fedhu garbicha keessan te'uu ti; \v 28 Ilmi Namaalle tajaajiliisaa fi kolbaa heddu'uuf jiruu ifii wodoo godhee kenniisaaf dhufe malee, akka isa tajaajilanuuf hin dhunne» jedhe. \s1 Yesuus Ballaa Lamaan Fayyise \r (Mar. 10:46-52; Luq. 18:35-43) \p \v 29 Yesuusii fi barattooti isaa Yeriko'oo bayanee deemanuun, gumiin guddoon Yesuus hordotte. \v 30 Namooti ballaan lamaan achi karaa cinaa tetee'anee jiraniiyyu. Akka Yesuus karaa san dabariisatti jiru yennaa dhage'ane, iyyanee, «Gootta'a, Ilma Daawitii, nuu marari!» jedhaa iyyane. \p \v 31 Gumiin akka isaan cadhisanu xixxe; isaan ammoo ittuma caalchisanee qoonqoo guddo'oon, «Gootta'a, Ilma Daawitii, nuu marari!» jedhaa iyyane. \p \v 32 Yesuus dhaabbatee isaan waamee, «Maan akka ani isiniif godhu barbaaddan?» jedheen. \p \v 33 Isaan deebisanee, «Gootta'a, ilti teenna akka banantu barbaanna» jedhaneen. \p \v 34 Yesuus isaanii nayee ila isaanii qaqqabe; yoosuma ilti isaanii banantee, isaan isa hordofane. \c 21 \s1 Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene \r (Mar. 11:1-11; Luq. 19:28-40; Yoh. 12:12-19) \p \v 1 Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Yerusaalemitti dhikaataneeranu, gaara Ejersaatitti, addee Betfaagee jedhantu geyaneeranuun, Yesuus barattoota lamaan ergee, \v 2 «Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a, yoosuma harree hidhanteertu takka, ta ilmayyoo woliin jirtu hin dhaggitan; hiika'aatii naa fida'a. \v 3 Eennulle yoo waan tokko isiniin jedhe, ‹Gootta'atti isaan barbaada, inni adoo hin turin hin deebisa› jedha'aan» isaaniin jedhe. \p \v 4 Wonni raagaan raage akka muummottuuf tun teete; \v 5 wonni raagaan raagelle, \q1 «Qachaa Xiyooniitiin, \q2 ‹Kunoo, mootiin keeti gad ifi qabee, \q2 harre'ee fi ilmayyoo harre'ee irra tee'ee, \q2 gara keeti dhufaara› jedha'aan» ka jedhu. \p \v 6 Barattooti dhaqanee akkuma Yesuus isaan ajaje godhane; \v 7 Isaan harree sanii fi ilmayyoo harre'ee san fidane, woyaa ifii irra keyanee, innille irra tee'e. \v 8 Gumiin guddoon woyaa ifii karaa irratti atte; worri dhibiille dameelee baalaa muka irraa caccassanee karaa irratti firfirsane. \v 9 Gumiin isa dura deentuu fi isa faana deentu iyyitee, \q1 «Hosaa'inaa\f + \fr 21:9\fr*\fqa Hosaa'inaa: \fqa*\ft Hosaa'inaa jechuun, afaan Ibrootaatiin, «Maganne'ee nu fayyis» jechu'u; te'uu malee addee heddu'utti hiikkaa Waaqa galateeffatiisaalle qaba\ft*\f* Ilma Daawitiitiif! \q2 Maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame! \q1 Hosaa'inaa olii ol-gubba'aatitti!» jette. \p \v 10 Yesuus yennaa Yerusaalem seene, qachaan duudiin raafamee, «Inni kun eennu?» jedhane. \v 11 Gumiin isa woliin ideentu, «Kun Yesuusii raagicha qachaa Naaziretii ka lafa Galiila'aa keessatti dhaggamuu dhufe» jette. \s1 Yesuus Galma Waaqaa Dhaqe \r (Mar. 11:15-19; Luq. 19:45-48; Yoh. 2:13-22) \p \v 12 Achiin Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra Galma Waaqaa keessatti bitatuu fi gurguratu mara gad yaase; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garagaggalchee, \v 13 «‹Manni kiyya mana daadimataa jedhamee hin waamama› jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane» isaaniin jedhe. \p \v 14 Naafii fi ballaan Galma Waaqaa keessatti gara Yesuusii dhufane; innille isaan fayyise. \v 15 Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seeraa waan baasaa ka inni godhe yennaa dhagganee fi ijoollee Galma Waaqaa keessatti, «Hosaa'inaa Ilma Daawitiitiif» jedhaa iyyitu yennaa dhaggane aarane. \v 16 Tanaaf Yesuusiin, «Ati waan ijoolleen tun jettu dhageettaa?» jedhane. \p Yesuus, «Ee hin dhage'a; isin ijjumaa, ‹Afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan hootuutiin galata ifiif qopheeffatte› ka jedhu hin dubbinnee?» isaaniin jedhe. \p \v 17 Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee, qachaa keessaa bayee, ollaa Bitaaniyaa jedhamuu dhaqee achi bule. \s1 Yesuus Muka Harru'uu Tokko Abaare \r (Mar. 11:12-14,20-24) \p \v 18 Yesuus barii ganama, yennaa gara qacha'aa deebi'u beelote. \v 19 Muka harru'uu tokko karaa cina'atti dhaggee, yennaa itti gore baala malee womaa irratti hin dhaggine. Achiin duuba inni harru'uun, «Ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin dhaggamin» jedheen. Yoosuma muki harru'uu sun goge. \v 20 Barattooti yennaa muka harru'uu san dhaggane, baaseffatanee, «Yoosuma muki harru'uu attam goge?» jedhane. \v 21 Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima, isin yoo dhugeeffannaa qabaattane, mamuulle yoo dhaddane, waan muka harru'uu irratti te'e qofaa hin gootanu; isin gaara kanalle'een, ‹Asii ka'ii abbaaya'atti darbami› yoo jettanneeyyuu, hin teeti. \v 22 Dhugeeffanna'aan daadimattanee waan gaafattanu mara, hin fudhattan» isaaniin jedhe. \s1 Gaaffii Marroo Baallii Yesuusii \r (Mar. 11:27-33; Luq. 20:1-8) \p \v 23 Yesuus yennaa Galma Waaqaa seenee adoo barsiisiisatti jiruu, sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen kolba'aa gara isaa dhufanee, «Ati baallii maaniitiin waan kana goota? Baallii tana eentu sii kenne?» jedhaneen. \v 24 Yesuus deebisee, «Anille gaaffii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebittane, achiin duuba anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hima. \v 25 Cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa dhutte moo, yookiin nama irraa dhutte?» isaaniin jedhe. \p Isaanille wol mormanee, « ‹Waaqa irraa dhutte› yoo jenne, inni, ‹Isin maaf isa hin dhugeeffatinaa ree?› nuun jedha; \v 26 Ammoo yoo nuuti, ‹Nama irraa› jenne, martinuu akka raaga'aatitti waan Yohaannis fudhatanuuf, kolbaa sodaanna» jedhane. \v 27 Maarre isaan deebisanee, «Nuuti hin beennu» Yesuusiin jedhane. \p Yesuusille, «Baallii maaniitiin waan kana akka godhu anille isinitti hin himu» isaaniin jedhe. \s1 Mammaassa Ilmaan Lamaa \p \v 28 Yesuus isaaniin, «Maan isinitti fakkaata? Nami tokko ijoollee lama qabaayyu; inni gara angafichaa dhaqee, ‹Ilma kiyya, adha addee woyni'ii dhaqii huji› jedheen. \v 29 Inni deebisee, ‹Ani hin dhaqu› jedhe; eegas ammoo yaada jijjiiratee dhaqe. \v 30 Abbaan gara ilma lammeesso'oolle dhaqee akkasuma jedhe; ilmi, ‹Hin dhaqa, abbayyoo!› jedhe; ammoo hin dhandhe. \v 31 Isaan lamaan kana keessaa kamitti waan abbaan barbaade tolche?» jedheen. \p Isaan, «Angaficha» jedhane. \p Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima, worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti mootummaa Waaqaatitti galiisa isin dursan. \v 32 Yohaannisiin cuuphaan karaa balchumma'aa isinitti dhufee jennaan isin isa hin dhugeeffanne; worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti ammoo isa dhugeeffatane; isin eeguma kana dhaggitanelle, yaada keessan jijjiirattanee isa hin dhugeeffanne» isaaniin jedhe.\x - \xo 21:32 \xo*\xt Luq. 3:12; 7:29-30\xt*\x* \s1 Mammaassa Qonnaan Bultoota Fichaa Woyni'ii \r (Mar. 12:1-12; Luq. 20:9-19) \p \v 33 Yesuus ammalle, «Mammaassa dhibii dhage'a'a! Namichi tokko muka woyni'ii dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba inni qonnaan bultootaaf kireessee, gara biyya dhibi'ii deeme. \v 34 Yennaan midhaan woyni'ii guuranu geennaan, inni qooda midhaan ifii fudhatiisaaf tajaajiltoota ifii gara qonnaan bultoota sanii erge. \v 35 Qonnaan bultooti sun ammoo tajaajiltoota isaa qabanee, tokko dhaananee, kaan ijjeesanee, kaanille dhaka'aan tumane. \v 36 Inni ammalle tajaajiltoota worra qaraa laakkossaan caalanu ka dhibii itti erge; isaan akkuma worra duraa kaan isaan godhane. \v 37 Dhuma irratti inni, ‹Isaan ilma kiyya hin ulfeessan› jedhaa ilma ifii gara isaanii erge. \v 38 Qonnaan bultooti ammoo yennaa ilma san dhaggane, ‹Ka dhaalu kana; kowa'a, isa ijjeennee dhaala isaa fudhannaa› woliin jedhane. \v 39 Maarre isaan isa qabanee, addee woyni'iitii alatti darbanee baasanee ijjeesane. \v 40 Amma abbaan addee woyni'ii yennaa dhufe, qonnaan bultoota san maan godhinna laati?» isaaniin jedhe. \p \v 41 Isaan deebisanee, «Inni worra hamaaleyyii san du'a farraamettii hin ijjeesa. Addee woyni'iille qonnaan bultoota worra yennaa midhaan woyni'ii guuramu qooda isaaf kennuuf kireessa» jedhane. \p \v 42 Yesuus, «Isin Barreeffama Woyyicha keessatti, \q1 «‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, \q2 dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e; \q2 tana Gootta'atti godhe, \q2 ila teennalle'etti waan baasaa ti!› ka jedhu ijjumaa hin dubbinnee? \p \v 43 «Tanaaf, ani isinitti hima, mootummaan Waaqaa isin irraa fuudhantee kolbaa midhaan buuttuuf hin kennanti. [ \v 44 Nami dhakaa kana irratti jigu hin caccaba; Nami dhakaan kun irratti jigu ammoo hin bututa» isaaniin jedhe.]\f + \fr 21:44\fr*\ft Woraabbiin durii durii gariin laakkossa 44 hin qabanu\ft*\f* \p \v 45 Sooreyyii hayyootaatii fi Fariisaayoti yennaa mammaassa isaa dhage'ane, akka inni marroo isaanii dubbatiisatti jiru beekane. \v 46 Isaan isa qabiisaaf barbaadane, ammoo waan gumiin akka raaga'aatitti Yesuus fudhatteef, isaan sodaatane. \c 22 \s1 Mammaassa Jila Fuudhaa Fi Heerumaa \r (Luq. 14:15-24) \p \v 1 Yesuus ammalle mammaassaan isaanitti dubbatee, \v 2 «Mootummaan Waaqaa mooticha tokko ka ilma ifiitiif jila fuudhaa fi heerumaa jilise fakkaatti. \v 3 Worri gara jila fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himiisaaf, Mootichi tajaajiltoota ifii erge; isaan ammoo hin dhunne. \v 4 Inni ammalle tajaajiltoota dhibii ergee, ‹Worra waamameeruun: Kunoo, jila tiyya ta fuudhaa fi heerumaa qopheesseera, sangootaa fi dardarooti cocooma qalamaneeran, wonni martille qophootteerti; gara jila fuudhaa fi heerumaa kowa'a jedha'aatii itti hima'a› jedhe. \v 5 Worri waamame ammoo tuffatee, tokko gara fichaa ifii, kuun gara daldala ifii deeme; \v 6 worri kuun tajaajiltoota isaa qabee, akka malee tolchee, ijjeese. \v 7 Mootichi guddoo aaree, loltoota ifii ergee, worra tajaajiltoota isaa ijjeese san balleessee, qachaa isaaniille gube. \v 8 Achiin duuba inni tajaajiltoota ifiitiin, ‹Jilti fuudhaa fi heerumaa qophootteerti, worri waamame ammoo ka jila tanaaf male hin teene. \v 9 Tanaaf gara woldeennaa karaa gugurda'aa dhaqa'aatii, namuma dhaggitane mara gara jila fuudhaa fi heeruma tanaa waama'a!› jedhe. \v 10 Tajaajiltooti sun gara karaa gugurda'aa bayanee nama dhaggane mara bada'aa fi dansaalle guurane; maarre manni jila fuudhaa fi heerumaa sun keessummootaan guutame. \p \v 11 «Mootichi keessumoota ilaaliisaaf yennaa ol seene ammoo, nama woyaa jila fuudhaa fi heerumaa hin uffatin tokko dhagge. \v 12 Namichaan, ‹Jaali, woyaa jila fuudhaa fi heerumaa malee attamiin mana seente?› jedheen. Namichi waan dubbatu dhabe. \v 13 Achiin duuba mootichi worra achi keessa ergamuun, ‹Harkaa fi miila isaa hidha'aatii, dukkana alaatitti gata'a. Achitti ilkaan qariisaa fi bowiis hin te'a› jedhe. \v 14 Worri waamame heddu'u, worri filame ammoo diqqa'a» jedhe. \s1 Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibiraa \r (Mar. 12:13-17; Luq. 20:20-26) \p \v 15 Achiin duuba worri Fariisaayotaa dhaqanee waanuma inni dubbateen Yesuus xaqaru'uuf mari'atane. \v 16 Maarre isaan barattoota ifii golii Heroodisii woliin gara isaa erganee, «Barsiisa'a, akka ati dhugaamessaa nuuti hin beenna; karaa Waaqaa dhugumaan barsiitta, ati nama hin sodaattu, nama tokkolle wol hin caalchittu. \v 17 Maan sitti fakkaata? Mootii moototaa biyya Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Nutti himi ree!» jedhaneen. \p \v 18 Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin kijiboole'e! Maaf haga na ilaaltan? \v 19 Beesee ittiin gabbartanu me natti mudhisa'a?» jedhe. Isaanille beesee\f + \fr 22:19\fr*\fqa Beesee: \fqa*\ft Kitaab Giriikii dinaara jedha\ft*\f* san takka itti fidane. \v 20 Achiin duuba inni, «Fakki'ii fi maqaan kun ka eennuu ti?» jedhee isaan gaafate. \p \v 21 Isaan deebisanee, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti» jedhaneen. \p Achiin duuba inni, «Tanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Waaqaalle Waaqaaf kenna'a» isaaniin jedhe. \p \v 22 Isaan yennaa waan kana dhage'ane baaseffatanee, isa lakkisanee deemane.\x - \xo 22:22 \xo*\xt HuE. 23:8\xt*\x* \s1 Gaaffii Marroo Du'aa Ka'iisaa \r (Mar. 12:18-27; Luq. 20:27-40) \p \v 23 Gaafasuma Saduqooti, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhu, gara Yesuusii dhufanee, \v 24 «Barsiisa'a, Muuseen, ‹Nami tokko adoo hin uumatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii obboleessa du'ee san dhaalee, sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti› jedheera. \v 25 Amma obboleeyyan torba tokkotti odduu teenna jiraayyu; angafichi fuudhee, ijoollee adoo hin uumatin irraa du'e; tanaaf obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaale. \v 26 Ka lammeesso'oolle, ka sadeesso'oolle, haga torbeesso'ootitti isuma dhaalanee ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. \v 27 Mara isaaniitiin duuba, isiille duute. \v 28 Gaafa worri du'ane ka'anu, marti isaaniituu waan isii fuudhaneeranuuf, isaan torba keessaa isiin kamiif niitii teeti?» jedhanee isa gaafatane. \p \v 29 Yesuus deebisee, «Barreeffama Woyyichaa fi hunna Waaqaa waan hin beenneef, isin hin dokonkortan. \v 30 Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan ol-gubba'atti akka ergantoota Waaqaa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanu. \v 31 Marroo worra du'aa ka'iisa worra du'ee, waan Waaqi isiniin jedhe isin hin dubbinnee? \v 32 Inni, ‹Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii ti› jedheera. Inni Waaqa worra jiraata'aa ti malee, Waaqa worra du'a'aatii moti» isaaniin jedhe. \v 33 Gumiin yennaa tana dhageette, barsiisa isaa baaseffatte. \s1 Ajaja Guddicha \r (Mar. 12:28-34; Luq. 10:25-28) \p \v 34 Yesuus worra Saduqootaa akka cadhisiise yennaa dhage'ane, worri Fariisaayotaa wolitti dacha'ane. \v 35 Isaan keessaalle'ee, barsiisaan Seeraa tokko, Yesuus haga ilaaliisaaf, \v 36 «Barsiisa'a, Seera keessaa ajaji guddichi kam?» jedhee isa gaafate. \v 37 Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaaladhu›. \v 38 Ajaji guddichi duraa isaa kana. \v 39 Lammeessoolle isuma fakkaata: ‹Ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu›. \v 40 Ajaja lamaan kana irratti Seerri Muuse'eetii fi barsiisi raagotaa marti hundeeffamaneeran» jedhe. \s1 Gaaffii Marroo Masiihii \r (Mar. 12:35-37; Luq. 20:41-44) \p \v 41 Fariisaayoti wolitti dacha'aneeranuun, Yesuus, \v 42 «Marroo Masiihii maan isinitti fakkaata? Inni ilma eennuu ti?» jedhee isaan gaafate. \p Isaan, «Ilma Daawitii ti» jedhaneen. \p \v 43 Yesuus, «Attamiin Daawiti hunna Ayyaana Woyyichaatiin sooreffamee ‹Goottaa› jedhaa isa waamaa, \q1 \v 44 «‹Waaqi Goottaa kiyyaan, \q2 haga ani diinota keeti miila keeti jala si'iif galchutti, \q2 Midda kiyyatti tee'i› jedheen ree? \m \v 45 Daawiti yoo, ‹Goottaa› jedhee isa waame, Masiihiin attamiin ilma isaa te'uu dande'a?» isaaniin jedhe. \v 46 Nami tokkolle deebii isaaf deebisuu hin dandeenne. Guyyaa sanii jalqabee nami tokkolle gaaffii tokkolle isa gaafatiisaaf itti hin gamne. \c 23 \s1 Hammeenna Barsiisota Seera Muuse'eetii Fi Fariisaayotaa \r (Mar. 12:38-39; Luq. 11:43-46; 20:45-46) \p \v 1 Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota ifiititti dubbatee, \v 2 «Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti barcumaa Muuse'ee irra te'aneeran. \v 3 Maarre waan isaan isin barsiisanu godha'a, hordofa'alle'e; te'uu male, isaan waan barsiisanu waan hujii irra hin oolchineef, akka isaan hujanu hin hujina'a. \v 4 Isaan ba'aa ulfaattuu, ba'atiisaaf hin dande'ane hidhanee gurmuu worra dhibi'ii irra keyan; ifiif ammoo quballe'een tuquu hin fedhanu. \v 5 Isaan hujii ifii mara worri dhibiin akka isaan dhaggu hujan; qudhaama Jechooti Barreeffama Woyyicha keessa jiru, ka addaa fi irree ifii irratti hidhatanu babadhisanee qudhaammatan; handaara woyaa uffatanee daadimatanuu dheereffatan. \v 6 Lafa jilaatitti addee ulfinnaa, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, \v 7 addee dikko'oolle'etti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanuu fi kolbaan ‹Barsiisa'a› jettee akka isaan waantu jaalatan. \v 8 Isin barsiisaa tokko waan qaddanuu fi isin martinuu obboleeyyan waan teetaneef ‹Barsiisa'a› jedhantanee hin waamamina'a. \v 9 Isin Abbaa tokkocha ol-gubba'atti waan qaddanuuf, biyya lafaa irratti eennulle'een ‹Abbaa› jettanee hin waamina'a. \v 10 Sooressi keessan Kiristoos tokkocha waan te'eef, ‹Sooressa› jedhantanee hin waamamina'a. \v 11 Odduu teessanitti isin mara ka caalu tajaajilaa keessan te'uu ti. \v 12 Nami ol ifi qabu gad hin qabama, nami gad ifi qabu ol hin qabama» jedhe. \s1 Yesuus Kijiba Isaaniitiif Yakkaa Itti Mure \r (Mar. 12:40; Luq. 11:39-42,44,52; 20:47) \p \v 13 Yesuus, «Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin balbala mootummaa ol-gubba'aa kolbaa duratti cuttanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin galtanu, worra galiisaaf barbaadulle, hin dhooggitan. [ \v 14 Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Isin mana haadhotii hiyyeessaa sossiisaaf jettanee itti aalatiisaaf dheeressitanee daadimattan; tanaaf yakkaa guddo'otti isinitti murama.]\f + \fr 23:14\fr*\ft Barreeffam durii durii gariin laakkossa 14 hin qabanu\ft*\f* \p \v 15 «Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Nama tokko dhugeeffannaa Yihudootaa fudhachiisiisaaf abbaaya'aa fi lafa irra asii fi achi deddeentan, isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma qile'ee isa gootan. \p \v 16 «Sooreyyii balloota, isiniif aanne'e! Isin, ‹Nami tokko yoo Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu, nami tokko yoo worqii Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. \v 17 Isin gowwoota balla'a! Worqi'i moo Galma Waaqaa ka worqii woyyoonsutti caala? \v 18 Isin, ‹Nami yoo addee ciinca'aatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu; ammoo yoo nami kennansa addee ciinca'aa irra jiruun kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. \v 19 Isin ballaa attamiiti! Kennansa moo addee ciinca'aa ta kennansa woyyoonsitutti caala? \v 20 Maarre nami addee ciinca'aatiin kakatu marti, addee ciinca'aatii fi waan isii irra jiru maraan kakata; \v 21 nami Galma Waaqaatiin kakatulle, Galma Waaqaatii fi Waaqa achi keessa jiruun kakata; \v 22 nami ol-gubba'aan kakatulle, barcumaa Waaqaatii fi ka barcumaa san irra tee'eeruun kakata. \p \v 23 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isinii aanne'e! Isin baala uddowaa adda addaa, waan akka bassobila'aa, dinbilaalaatii fi onkooshe'e\f + \fr 23:23\fr*\fqa Onkooshe'e: \fqa*\ft Okoshee\ft*\f*, kudhan keessaa tokko Waaqaaf hin kennitan, ammoo barsiisa Seeraa ka irra caalaa barbaachisu, waan akka muraa dhuga'aa, mararti'ii fi addatamaa lakkittaneertan. Isin waan saniille adoo hin lakkisin, wonni kun waan isin godhu'uuf maltane. \v 24 Isin sooreyyii balloota! Isin bookee waan untanu keessaa dhimbiiddanee baachan, gaala ammoo hin liqinsitan. \p \v 25 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Muduunu'uu fi qorii dudda gubbaa qulqulleessitan, keessi ammoo joljolumma'aa fi ifi-jaallatiisaan guutameera. \v 26 Fariisaayicha balla'a! Dursiitii muduunuu keessa qulqulleessi\f + \fr 23:26\fr*\ft Woraabbiin durii durii gariin qoriille itti dabala\ft*\f*, yennaa san duddi gubbaalle qulqulluu te'a. \p \v 27 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin gubba'aan dansa'a, keessaan ammoo akka irreensa biyyee adi'iin hallamee, lafeelee nama du'eetii fi waan battii maraan guutamee ti. \v 28 Akkasuma isinille gubba'aan worra dhibi'itti balchoota fakkaattan, ammoo keessi keessan kijibaa fi cubbu'uun guutameera. \s1 Yesuus Marroo Adabama Isaanii Dubbate \r (Luq. 11:47-51) \p \v 29 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Isin irreensa raagotaa ijaartan; soodduu balchootaalle hin seettan. \v 30 Isin, ‹Bara abbootii teennaa adoo jiraannee, nuuti dhiiga raagotaa jissiisa isaaniille hin qarqaarruuyyu› jettan. \v 31 Akkasiin isin ilmaan worra raagota ijjeesee akka teetane ifi irratti dhugaa baatan. \v 32 Waan abbootiin teessan jalqadde, ittuma guuta'aa fixaa ree! \v 33 Isin dhudhuufa'a, isin ijoollee buuti'ii ti! Muraa qile'ee jalaa attamiin baatan ree? \v 34 Tanaaf ani raagota, qaroole'ee fi barsiisota isinii erga; isin isaan keessaa garii hin ijjeettan, kaan hin fannittan, worra dhibii mana Yihudooti itti wolitti qabamanu keessatti dhaantanee qachaa irraa gara qacha'aa ariitan. \v 35 Maarre tanaaf isin dhiiga balchootaa ka lafa irratti jissitane, dhiiga Abeelii balchichaa irraa jalqabee, haga dhiiga Zakaariyaasii ilma Baaraakiya'aa, ka addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaa oddu'utti ijjeettaneetitti itti gaafatantan. \v 36 Ani dhugumaan isinitti hima, adabam waan kana maraa dhaloota kanatti hin dhufa» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Yerusaalemiif Gadde \r (Luq. 13:34-35) \p \v 37 Yesuus ammalle, «E! Yerusaalem, Yerusaalem, qachaa raagota ijjeettuu fi worra gara keeti ergame dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade; isin ammoo diddane. \v 38 Kunoo, manni keessan ona te'ee hafe. \v 39 Ani isinitti hima, ‹Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebbifame› haga jettanutti deebitanee na hin dhaggitanu» jedhe. \c 24 \s1 Yesuus Diigamiisa Galma Waaqaa Dubbate \r (Mar. 13:1-2; Luq. 21:5-6) \p \v 1 Yesuus Galma Waaqaatii bayee adoo deemiisatti jiruu, barattooti isaa ijaarsa Galma Waaqaa isatti mudhisiisaaf dhufane. \v 2 Achiin duuba inni, «Isin waan kana mara hin dhaggitanii motii? Ani dhugaa isinitti hima, dhakaan tokkochi wol irratti hin hafu; isaan maraa hin diigaman» jedhe. \s1 Rakkinnaa Fi Miidhaa Dhufa Gootta'aatiin Duratti Te'u \r (Mar. 13:3-13; Luq. 21:7-19) \p \v 3 Yesuus gaara ejersaa gubbaa tee'iisatti jiruun, barattooti isaa qofuu gara isaa dhufanee, «Nutti himi, kun yoom te'a, dhufa teetii fi dhuma biyyaa lafaatiif beessisi maan?» jedhane. \p \v 4 Yesuus deebisee, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a! \v 5 Worri hedduun, ‹Ani Masiihii› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Worra hedduulle hin dokonkorsan. \v 6 Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne ilaalladha'a; wonni akkasii kun te'uu qaban, ammoo ammalle muummeen hin geenne. \v 7 Gosi gosatti, mootummaalle mootumma'atti hin kaati; beellii fi tacho'i lafaa addee adde'etti hin te'an. \v 8 Kun marti ammoo ciniinsuu jalqabaa ti. \p \v 9 «Achiin duuba isaan akka rakkattanuu fi ijjeefantanu dabarsanee isin hin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif gosa maraan hin jibbatantan. \v 10 Yennaa san namooti hedduun dhugeeffannaa irraa hin jigan, isaan wol dabarsanee hin kennan, wolille hin jibban. \v 11 Raagoti dharaa hedduulle hin ka'an, worra hedduulle hin dokonkorsan. \v 12 Waan hammeenni fakkanuuf, jaalalli nama heddu'uu qabbanowaa deema. \v 13 Nami haga muumme'ee ciniinnatee ossatu ammoo hin fayya. \v 14 Gosa maraaf dhugaa baya akka teetu, Oduun Gammadaa ta mootummaa Waaqaa, biyya lafaa maratti hin lallabanti. Achiin duuballe muummeen hin dhutti» jedhe. \s1 Farra Badi'ii \r (Mar. 13:14-23; Luq. 21:20-24) \p \v 15 Yesuus itti dabalee, «Akkuma raagaan Daani'el dubbate, ‹Farra badi'ii› addee woyyittii dhaabbattuun yennaa dhaggitanu, ka kana dubbisu hubatuu ti! \v 16 Yennaa san worri biyyaa Yihuda'aa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti. \v 17 Nami heellichoo manaa gubbaa jiru waan mana keessaa fudhatiisaaf gad hin bu'in. \v 18 Nami fichaa keessa jiru woyaa fudhatiisaaf gara manaa hin deebi'in. \v 19 Guyyoota san dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e! \v 20 Baqi keessan ganna yookiin guyyaa Sanbataa akka hin teene daadimadha'a! \v 21 Yennaa san rakkinni guddaan hin te'a, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee haga ammaatitti te'ee hin beeku, ijjumaa deebi'eelle hin te'u. \v 22 Guyyooti sun adoo gabaabbatuu dhabaatee, nami tokkooyyuu silaa hin fayyuuyyu; sababa worra filameetiif ammoo guyyooti sun hin gabaabbatan. \p \v 23 «Eennuulle isiniin ‹Kunoo! Masiihiin as jira!› yookiin, ‹Inni achi jira!› yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a. \v 24 Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an; isaan yoo dande'ane, kolbaa Waaqi filateeyyuu, dokonkorsiisaaf baasaa fi bilbaasa hin hujan. \v 25 Kunoo ani duraan dursee tana isinitti himeera. \v 26 Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa goomole'ee keessa jira› yoo isiniin jedhane gad hin bayina'a; yookiin, ‹Kunoo! Inni kolloo keessa jira› yoo isiniin jedhane hin dhugeeffatina'a. \v 27 Akkuma balaqqeettiin gara baya-adu'uutitti balaqqittee haga gara seensa-adu'uutitti issitu, dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. \v 28 Addee reeffi jirutti allaattiin yaati» jedhe. \s1 Dhufiisa Ilma Namaa \r (Mar. 13:24-27; Luq. 21:25-28) \p \v 29 Yesuus itti dabalee, «Guyyoota rakkinnaa saniin duuba yoosuma aduun hin dukkanootti, jiinille ifa ifii hin kennu; urjooti ol-gubbaa irraa harcaati, hunni ol-gubba'aalle hin raafanti. \v 30 Achiin duuba beessisi Ilma Namaa ol-gubba'atti hin mudhata, yennaa san gosi biyya lafaa marti hin bootti; Ilmi Namaa duumensa gubba'aatiin hunnaa fi ulfinna gudda'aan dhufuun hin dhaggan. \v 31 Inni ergantoota ifii qoonqoo tultullaa gudda'aa woliin hin erga. Isaanille maddii arfan lafaa dhaqanee, worra Waaqaaf filame ka qaccee ol-gubba'aatii haga qaccee taanii jiru wolitti qaban» jedhe. \s1 Barumsa Muka Harru'uu \r (Mar. 13:28-31; Luq. 21:29-33) \p \v 32 Yesuus ammalle, «Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a! Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhikaate beettan. \v 33 Maarre akkasuma, waan kana mara yennaa dhaggitane akka Ilmi Namaa balbalatti dhikaate beeka'a. \v 34 Ani dhugumaan isinitti hima, wonni kun marti haga teetutti dhalooti kun hin dabaru. \v 35 Lafaa fi ol-gubbaan hin dabaran, jechi kiyya ammoo hin dabaru» jedhe. \s1 Guyyaa Sanii Fi Yennaa San Eennulle Hin Beeku \r (Mar. 13:32-37; Luq. 17:26-30,34-36) \p \v 36 Yesuus itti dabalee, «Marroo guyyaa saniitii fi saatii sanii Abbaa malee, ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aalle, Ilmille, eennulle hin beeku. \v 37 Akkuma bara Nohiititti te'e, dhufi Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. \v 38 Bara san bisaan badi'iitiin dura, haga Nohi hoboloo guddittii seenetti, namooti nyaataa, unaa, fuudhaa, heerumaalle turane; \v 39 haga bisaan badi'ii dhufee mara isaanii haree deemetti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. \v 40 Yennaa san nami lamaan fichaa keessa hin hujata; tokkochi hin fudhatama, tokkochi hin hafa. \v 41 Dubartooti lamaan woliin daakuu daakan; takkattiin hin fudhatanti, takkattiin hin hatti. \v 42 Tanaaf, guyyaa Goottaan keessan dhufu waan hin beenneef, dammaqa'aa eegadha'a. \v 43 Waan kana ammoo hubadha'a: abbaan manaa halkan keessa yennaa hattuun itti dhuttu adoo beekee, inni silaa dammaqee hin eegataayyu, manni isaa akka cabu itti hin lakkisuuyyu. \v 44 Tanaaf Ilmi Namaalle yennaa isin itti hin yaadanetti waan dhufuuf, maarre isinille qophowa'aa le'a'a» jedhe. \s1 Tajaajilaa Addatama'aa Fi Hin Addatanne \r (Luq. 12:41-48) \p \v 45 Yesuus itti dabalee, «Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan kennuuf, maatii ifii irratti itti gaafatamaa godhu kam ree? \v 46 Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'u hujiisumatti jiruun dhaggu sun ka badhaadhe. \v 47 Ani dhugumaan isinitti hima, goottaan isaa qabeenna ifii mara irratti itti gaafatamaa isa godha. \v 48 Tajaajilaan hamaan sun ammoo yaada ifii keessatti, ‹Goottaan kiyya hin tura› yoo jedhee, \v 49 tajaajiltoota dhibii dhaaniisa, worra machowanu woliin nyaatiisaa fi uniisa yoo jalqabe, \v 50 goottaan tajaajilaa sanii guyyaa inni isa itti hin yaadanee fi yennaa inni hin beennetti hin dhufa. \v 51 Inni tajaajilaa san hin ciccira qooda isaalle worra kijiboolee woliin godha, achitti bowaa ilkaan qara» jedhe. \c 25 \s1 Mammaassa Durroota Kudhanii \p \v 1 Yesuus itti aansee, «Yennaa san mootummaan ol-gubba'aa durroota kudhan ta issaa ifii qabatanee waajibicha fudhatiisaaf bayane fakkaatti. \v 2 Durroota san keessaa shanan gowwoole'e, shanan qaroole'e. \v 3 Worri gowwooleen issaa ifii qabatane malee zayitii issa'atti naqatanu hin qabanne. \v 4 Worri qarooleen ammoo issaa ifii woliin zayitii okkote'etti qabatane. \v 5 Waajibichi adoo hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganee rafane. \p \v 6 «Halkan wodhakkaa ammoo qoonqoo guddo'oon, ‹Waajibichi Kunoo ti! Isa fudhatiisaaf baya'a!› waamichi jedhu dhage'ame. \v 7 Yennaa san durrooti sun marti dammaxxee issaa ifii mimmidhaaffatte. \v 8 Durri gowwooleen sun worra qaroole'een, ‹Issaan keenna waan dhaamaaruuf, zayitii teessan irraa diqqoo nuu kenna'a› jedhaneen. \v 9 Durri qarooleen deebisanee, ‹Waawwo'o! Nu'uu fi isiniif ta geettu hin jirtu. Worra gurguru bira dhaqa'aatii bitadha'a› jedhaneen. \v 10 Adoo isaan bitatiisaaf dhaqaneeranuu, waajibichi dhufe; durri qophootteertu sun isa woliin gara mana jila fuudhaa fi heerumaa san ol seenanee, balbalti cufante. \p \v 11 «Durrooti worri hafanelle turanee dhufanee, ‹Gootta'a, Gootta'a! Nuu bani!› jedhaneen. \v 12 Inni ammoo deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, ani isin hin beeku› jedheen. \v 13 Tanaaf, guyyaa san yookiin saatii waan hin beenneef dammaqa'aa eegadha'a!» jedhe. \s1 Mammaassa Worra Beeseen Worqi'ii Itti Kennantee \r (Luq. 19:11-27) \p \v 14 Yesuus itti dabalee, «Mootummaan ol-gubba'aa akka nama biyya fago'oo dhaqiisaaf ka'ee, tajaajiltoota ifii waamee, karra qabu magannee isaanitti kennate tokko fakkaatti; \v 15 Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof beesee saantimii worqi'ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaanille'eef kuma tokko kennee gara biyya fago'oo deeme. \v 16 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate yoosuma ittiin daddallee, beesee saantimii worqi'ii kuma shan keessaa buufate. \v 17 Akkuma san, namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle kuma lama keessaa baafate. \v 18 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhate ammoo, dhaqee boolla qotee beesee gootta'aa san awwaale. \p \v 19 «Yennaa dheertu'uun duuba goottaan tajaajiltoota sanii dhufee isaan woliin herregate. \v 20 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate, ta dhibii kuma shan fidee dhufee, ‹Gootta'a, ati beesee saantimii worqi'ii kuma shan natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma shan keessaa buuseera› jedhe. \v 21 Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen. \v 22 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle dhufee, ‹Gootta'a› jedhee, ‹Ati beesee saantimii worqi'ii kuma lama natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma lama keessaa buuseera› jedheen. \v 23 Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen. \v 24 Achiin duuba namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhatelle dhufee, ‹Gootta'a, ati nama hamaa addee hin dhaabinii galfattu, addee hin facaasinii haammattu akka teete si beeka; \v 25 tanaaf ani sodaadhee, dhaqee beesee teeti boollatti awwaale. Beeseen teeti kunoo ti› jedheen. \p \v 26 «Goottaan isaa ammoo, ‹Ati tajaajilaa hama'aa fi booseya\f + \fr 25:26\fr*\fqa Booseya: \fqa*\ft Afachaala.\ft*\f*! Addee hin dhaabinii akka galfadhu, addee hin facaasinii akka haammadhu beetteertaa motii? \v 27 Ati beesee tiyya worra dhalaan fudhatu bira naaf kewu'uu malte; ani yennaa deebi'e silaa beesee tiyya dhala woliin fudhadhaayyu. \v 28 Maarre beesee san isa irraa fuudha'aatii, namicha beesee saantimii worqi'ii kuma kudhan qabuuf kenna'a. \v 29 Nama qabu maraaf itti dabalantee hin kennantiif, hin bacattiifille'e; nama womaa hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu irraa hin fudhatanti. \v 30 Tajaajilaa gatii hin qanne kana, dukkana alaatitti gad gata'a, achitti bowaa ilkaan qara› jedhe» isaaniin jedhe. \s1 Muraa Muumme'ee \p \v 31 Yesuus ammalle, «Ilmi Namaa ulfinna ifiitii fi ergantoota Waaqaa mara woliin yennaa dhufu, barcumaa ulfinna ifii gubbaa hin tee'a. \v 32 Gosi marti isa duratti wolitti hin qabanti; akkuma tisseen hoolota re'ee irraa gargar fowu, innille kolbaa san gargar fowee, \v 33 hoolota midda ifiititti, re'oota bitaa ifiititti dhaabbachiisa. \v 34 Achiin duuba mootichi worra midda ifiitiin, ‹Isin worra Abbaa kiyyaan eebbifantane, kowa'a! Mootummaa dadama biyyi lafaatii jalqaddee isiniif qophootte dhaala'a; \v 35 sababille ani beelowee na nyaachittaneertan; dheebodhee na obaattaneertan; keessummaa te'ee na fudhattaneertan; \v 36 daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertan› jedhe. \v 37 Yennaa san balchooleen, ‹Gootta'a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne? \p \v 38 « ‹Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne? \v 39 Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?› jedhaneen. \v 40 Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!› isaaniin jedhe. \p \v 41 «Achiin duuba inni worra bitaa ifiitiin, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadha'a; gara ibidda bara baraa ka Seexanaa fi ergantoota Seexanaatiif qophowee deema'a; \v 42 ani beelowee na hin nyaachinne; dheebodhee na hin obaanne; \v 43 keessummaa te'eelle na hin fudhanne; daareelle na hin uffinne; dhibameelle, hidhameelle isin na hin gaafanne› hin jedha. \p \v 44 «Achiin duuba isaanille deebisanee, ‹Gootta'a, beelotteertuun, yookiin dheebotteertuun, yookiin keessummaa teeteertuun, yookiin daarteertuun, yookiin dhibanteertuun, yookiin hidhanteertuun dhagginee yoom si qarqaaruu dhanne?› hin jedhaniin. \v 45 Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof waan hin godhiniif, analle'eef hin goone› isaaniin hin jedha. \v 46 Worri kun gara muraa bara baraa, worri balchooleen ammoo gara jiruu bara baraa hin deeman» jedhe. \c 26 \s1 Yesuus Ijjeesiisaaf Mari'atane \r (Mar. 14:1-2; Luq. 22:1-2; Yoh. 11:45-53) \p \v 1 Yesuus dubbii tana mara dubbatee fixeen duuba, barattoota ifiitiin, \v 2 «Guyyaa lamaan duuba Jilti Irra Dabaramaa akka dhuttu isin hin beettan, Ilmi Namaalle fannifamiisaaf dabarfamee hin kennama» jedhe. \p \v 3 Achiin duuba sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoti kolba'aa mana hayyicha gudda'aa ka Qayyaaffaa jedhamuutitti wolitti qabamanee, \v 4 dhossa'aan Yesuus qabiisaa fi ijjeesisiisaaf mari'atane. \v 5 Isaan ammoo, «Kolbaa oddu'utti raafam hin ka'a fa'aa, yennaa jilaa hin tolchinu» jedhane. \s1 Dubartiin Takka Bitaaniya'atti Yesuus Fiqiree Issite \r (Mar. 14:3-9; Yoh. 12:1-8) \p \v 6 Yesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dur dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeruu adoo jiruu, \v 7 dubartiin takka fiqiree gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaaxarii jedhamu irraa hojjatame tokkoon fiddee gara isaa dhuttee, isaa qorii bira tee'eeru, fiqiree san mataa isaatitti naxxe. \v 8 Barattooti isaa yennaa dhaggane ammoo, aaranee, «Tun maaf lafatti baddi? \v 9 Fiqireen tun karra guddo'otti gurgurantee, beeseen sun worra hiyyeeyyi'iif silaa hin kennamaayyu» jedhane. \p \v 10 Yesuus ammoo waan kana beekee, «Dubartii tana maaf rakkittan? Isiin waan dansaa naaf goote. \v 11 Hiyyeeyyiin yennaa mara isin woliin jiran, ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu. \v 12 Isiin fiqiree tana nafa kiyyatti naqiisaan awwaalaaf na qopheessite. \v 13 Ani dhugumaan isinitti hima, biyya lafaa duudii keessatti, addee wongeelli kun itti lallabame maratti, wonni isiin goote qaabbii isi'iitiif hin dubbatama» isaaniin jedhe. \s1 Yihudaan Yesuus Dabarsee Kenniisaaf Jaraan Wolii Gale \r (Mar. 14:10-11; Luq. 22:3-6) \p \v 14 Yennaa san Yihudaan nami biyya keriyootii, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, gara sooreyyii hayyootaa dhaqee, \v 15 «Ani yoo isa dabarsee isinitti kenne, isin maan naaf kennitan?» isaaniin jedhe; isaan meetii\f + \fr 26:15\fr*\fqa Meetii: \fqa*\ft Meetiin beesee sibiilaa ti; Kitaab Amaariffaa birrii jedha; akkas jechuun birrii woraqataa adoo hin te'in ka sibiilaa ti\ft*\f* soddoma isaaf kaffalane. \v 16 Yihudaalle yennaa sanii jalqabee isa dabarsee kenniisaaf daguu barbaadate. \s1 Yesuus Sagalee Jila Irra Dabaramaa Barattoota Woliin Nyaate \r (Mar. 14:12-21; Luq. 22:7-13,21-23; Yoh. 13:21-30) \p \v 17 Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo hin qanneetitti, barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaattuuf eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?» jedhanee isa gaafatane. \p \v 18 Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii, namicha saniin, ‹Yennaan tiyya dhikaatteerti; ani Jila Irra Dabaramaa barattoota tiyya woliin mana keetitti jilifadha, jedha barsiisaan› jedha'aan» isaaniin jedhe. \v 19 Barattooti akkuma Yesuus isaan ajaje, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane. \p \v 20 Yennaa galgalootte, Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin nyaatiisaaf tee'e. \v 21 Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima, isin keessaa nami tokko dabarsee na hin keenna» jedhe. \p \v 22 Barattooti akka malee gaddanee, badoo bado'oon, «Gootta'a, dhugumaan ana te'innaa?» isaan jedhiisa jalqabane. \p \v 23 Yesuus deebisee, «Ka na woliin harka qorii keyetti dabarsee na kenna. \v 24 Ilmi Namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du'a, ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne'e! Nami sun silaa adoo dhalatuu dhabee isaaf woyya» jedhe. \p \v 25 Yihudaan, ka isa dabarsee kennaaru, «Barsiisa'a, dhugumaan ana te'innaa?» jedhe. \p Yesuus deebisee, «Atuu jette» jedheen. \s1 Irbaata Gootta'aa \r (Mar. 14:22-26; Luq. 22:14-20; 1 Qor. 11:23-25) \p \v 26 Isaan adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, Waaqaaf galata galchee, barattootaaf kennee, «Fudhadha'aa, nyaadha'a; kun foon kiyya» jedhe. \v 27 Inni muduunuulle fuudhee, Waaqaaf galata galcheen duuba, isaaniif kennee, «Isin martinuu, itti una'a; \v 28 kun dhiiga kiyya, ka Gondooroo haareyaa, ka araara cubbuu kolbaa heddu'uutiif dhangala'e. \v 29 Ani isinitti hima, mootummaa Abbaa kiyyaa keessatti isin woliin haga guyyaa daadhii woyni'ii haareya unutti, ijjumaa deebi'ee daadhii woyni'ii hin unu» isaaniin jedhe. \p \v 30 Achiin duuba isaan faaruu faarsanee, gara gaara ejersaa ol bayane. \s1 Yesuus Mormatiisa Pheexroosii Dursee Hime \r (Mar. 14:27-31; Luq. 22:31-34; Yoh. 13:36-38) \p \v 31 Achiin duuba Yesuus, «Isin martinuu edana na lakkittanee hin baqattan; sababille, \q1 «‹Ani tissee hin ijjeesa, \q2 hoolotille hin xexeeraman› jedhantee barreeffanteerti. \m \v 32 Du'aa ka'een duuba ammoo, isiniin dura gara Galiila'aa deema» isaaniin jedhe. \p \v 33 Pheexroos, isaan, «Isaan martinuu si lakkisanee baqatanulle, ani ijjumaa si lakkisee hin baqadhu» jedheen. \p \v 34 Yesuus, isaan, «Ani dhugumaan sitti hima, edanuma, iyya lukku'uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta» jedheen. \p \v 35 Pheexroos, isaan, «Si woliin du'uun yoo na barbaachiselle, ani ijjumaa si hin mormadhu» jedheen. Barattooti martinuu akkasuma jedhane. \s1 Yesuus Getesemaane'etti Daadimate \r (Mar. 14:32-42; Luq. 22:39-46) \p \v 36 Achiin duuba Yesuus barattoota ifii woliin gara addee Getesemaanee jedhantuu dhaqe; inni barattoota ifiitiin, «Haga ani achi dhaqee daadimadhu, isin as tee'a'a!» jedheen. \v 37 Inni Pheexroosii fi ilmaan Zabdewoosii lamaan fudhatee dhaqee, gaddaa fi laaleffata jalqabe. \v 38 Achiin duuba inni, isaaniin, «Ani qixxee du'aatitti, guddoo gadde; isin as tura'aa, na woliin dammaqa'aa tee'a'a!» jedheen. \p \v 39 Haga diqqaa irraa hiiqee, lafatti jigee, «Abbaa kiyya, yoo dande'ame, muduunuun rakkinnaa tun narra dabartuuti; te'uu male akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin te'in» jedhe. \p \v 40 Achiin duuba inni gara barattoota sadii deebi'ee dhufee, rafiisatti jiranuun dhagge; inni Pheexroosiin, «Maarre, isin saatii tokkolle na woliin dammaxxanee turuu hin dandeennee? \v 41 Akka ataabe'etti hin gallelle daadimadha'a; ayyaanni dhugumaan fedha qaba, foon ammoo dadhaba'a» jedheen. \p \v 42 Yesuus ammalle yennaa lammeesso'oo isaan irraa hiiqee, «Abbaa kiyya, muduunuun rakko'oo tun adoo hin unin narra dabariisa ka hin dande'anne yoo teete, fedhiin teeti muummottuu ti» jedhee daadimate. \p \v 43 Yesuus ammalle dhufee ilti isaanii waan dunquuqotteef, rafiisatti jiranuun dhagge. \p \v 44 Maarre ammalle isaan lakkisee, irraa hiiqee yennaa sadeesso'oo, jechootuma duraan jedhe kaan jedhaa daadimate. \v 45 Achiin duuba inni gara barattootaa deebi'ee dhufee, «Isin haga ammaa rafaa, foorfatiisatti jirtanii? Kunoo, saatiin Ilmi Namaa harka cubbaaleyyi'iititti dabarfamee kennamu geetteerti. \v 46 Ka'aa deennaa! Kunoo, ka dabarsee na kennu dhikaateera» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Qabame \r (Mar. 14:43-50; Luq. 22:47-53; Yoh. 18:3-12) \p \v 47 Adoo Yesuus dubbatiisatti jiruu, barattoota kudhanii lama keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufe; gumiin guddoon ulee-jirmaa fi shallaagaa qabatteertu, sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aa biraa ta erganteertu isa woliin jirtiiyyu. \v 48 Yihudaan Yesuus dabarsee kennu, «Nama ani sunqadhu, isa qaba'a» jedhee duraanuu beessisa isaaniif kenneera. \p \v 49 Yihudaan akkuma gara Yesuusii dhufeen, «Barsiisa'a, attam nageyaa!» jedhee sunqate. \p \v 50 Yesuus deebisee, «Jaali, waan hujiisaaf dhutte huji» jedheen. \p Achiin duuba isaan dhufanee Yesuus jabeessanee qabane. \v 51 Dedhuma, worra Yesuus woliin jiru keessaa tokkochi shallaagaa buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa irraa kute. \v 52 Achiin duuba Yesuus, «Shallaagaa keeti gonofa'atti deebifadhu; worri shallaagaa buqqifatu martinuu shallaaga'aan bada. \v 53 Ani Abbaa kiyya yoo gaafadhe, Inni yoosuma ergantoota duula kudhanii lama caalu naa erguu hin dande'u sitti fakkaataa? \v 54 Ammoo Barreeffam Woyyichi karaa kanaan te'uu qaddi ka jedhu, silaa attamiin muummowa ree?» jedheen. \p \v 55 Yennuma san Yesuus gumi'iin, «Akka ani yakkaamessaa, shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee? Ani guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessa tee'ee barsiisaa ture, isinille na hin qanne. \v 56 Ammoo wonni raagoti Barreeffama Woyyicha keessatti barreessite akka muummottuuf, tun marti teete» jedhe. Yennaa san barattooti isaa martinuu isa lakkisanee baqatane. \s1 Yesuus Kora Mura'aa Duratti Dhikaate \r (Mar. 14:53-65; Luq. 22:54-55,63-71; Yoh. 18:13-14,19-24) \p \v 57 Worri Yesuus qabane sun, mana barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoti kolba'aa itti wolitti qabamaneeranutti, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda'aa isa geessane. \v 58 Pheexroos ammoo irraa fagaatee haga badhinna dalleya hayyicha gudda'aa Yesuus hordofe; keessalle seenee, wonni kun attam akka teetu ilaaliisaaf, eeddota woliin tee'e. \v 59 Sooreyyiin hayyootaatii fi korri mura'aa duudiin Yesuus ijjeesisiisaaf dhugaa baatota dharaa itti barbaadane. \v 60 Dhugaa baatoti dharaa hedduun itti dhikaattulle, ammoo dhugaa baya du'a itti mursiisu tokkolle hin dhaggine; dhuma irratti namooti lamaan dhufanee, \v 61 «Namichi kun, ‹Ani Galma Waaqaa diigee guyyaa saditti ijaaruu dande'a› jedheera» jedhane. \p \v 62 Hayyichi guddaan ol ka'ee, «Waan isaan si irratti dhugaa bayanu kanaaf ati deebii tokkolle hin qadduu?» jedhe. \v 63 Yesuus ammoo cadhise. Achiin duuba hayyichi guddaan, «Magannee Waaqa jiraata'aa, ati Masiihii, Ilma Waaqaa yoo teete nutti himi» jedheen. \p \v 64 Yesuus deebisee, «Maarre atinuu jette. Ani ammoo isinitti hima, ammaa jalqabee Ilmi Namaa midda Waaqa hunnaamessaa tee'uun, duumensa ol-gubba'aatilleen dhufuun hin dhaggitan» isaan jedhe. \p \v 65 Yennaa san hayyichi guddaan woyaa ifii tarsaasee, «Inni Waaqa faanshesseera! Dhugaa dhibii maaf barbaanna? Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane. \v 66 Maan isinitti fakkaata?» jedhe. \p Isaan deebisanee, «Inni du'uu qaba» jedhane. \p \v 67 Yennaa san isaan fuula isaatitti tufanee tuntumane; worri gariin kabalanee, \v 68 «Masiihii! Eentu si dhowe? Nuu raagi» jedhaneen. \s1 Pheexroos Yesuus Mormate \r (Mar. 14:66-72; Luq. 22:56-62; Yoh. 18:15-18,25-27) \p \v 69 Adoo Pheexroos ala badhinna dalleyaa keessa tee'iisatti jiruu, durrittiin tajaajiltuun takka gara isaa dhuttee, «Atille Yesuusii worra Galiila'aa woliin jirtaayyu!» jetteen. \p \v 70 Inni ammoo, «Waan ati dubbatiisatti jirtuuyyuu ani hin beeku» jedhee isaan mara duratti mormate. \v 71 Yennaa inni gara seensuma karraa dhaqe, durrittiin tajaajiltuun dhibiin isa dhaggitee, worra achi dhaabbateeruun, «Namichi kun Yesuusii nama Naaziretii woliin jiraayyu» jette. \p \v 72 Pheexroos ammalle, «Ani namicha hin beeku» jedhee kakatee mormate. \p \v 73 Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbataneeranu dhufanee, Pheexroosiin, «Akki ati dubbattuuyyuu hin beessisa, dhugumaan atille isaan keessaa nama tokko» jedhaneen. \p \v 74 Yennaa san inni, «Ani namicha hin beeku» jedhee ifi abaaraa kakatiisatti ka'e. Yennuma san lukkuun iyyite. \v 75 Achiin duuba Pheexroos waan Yesuus, «Iyya lukku'uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta» jedhe qaabatee, gad bayee laaleffatee bowe. \c 27 \s1 Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame \r (Mar. 15:1; Luq. 23:1-2; Yoh. 18:28-32) \p \v 1 Barii halkaniin sooreyyii hayyootaatii fi jaarsoleen kolba'aa marti Yesuus ijjeesisiisaaf mari'atane. \v 2 Isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoosii bulchaa biyyaatitti dabarsanee kennane. \s1 Du'a Yihuda'aa \r (HuE. 1:18-19) \p \v 3 Yihudaan isa dabarsee kenne, akka Yesuusitti murame yennaa dhagge, gaabbee meetii\f + \fr 27:3\fr*\fqa Meetii: \fqa*\ft Yaadannoo 26:15 irratti kenname ilaali\ft*\f* soddoma san sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiif deebisee fidee, \v 4 «Nama yakkaa hin qanne dabarsee kenniisaan yakkeera» isaaniin jedhe. \p Isaan ammoo, «Maanti nu dhibe ree? Haajaa keeti!» jedhane. \p \v 5 Yihudaan beesee san Galma Waaqaa keessatti qolaansee gatee, isaan biraa deemee, dhaqee ifi fannise. \p \v 6 Sooreyyiin hayyootaa ammoo, beesee san fuudhanee, «Beeseen tun gatii dhiiga namaa waan teeteef, karra Galma Waaqaatitti makuun seeraa moti» jedhane. \v 7 Mari'ataneen duuba, addee awwaala worra ormaa akka teetu, namicha faara dhowu irraa lafa ittiin bitane. \v 8 Sababa kanaaf latti sun haga adhaa, «Lafa dhiigaa» jedhantee waamanti.\x - \xo 27:8 \xo*\xt HuE. 1:18-19\xt*\x* \p \v 9 Wonni Ermiyaasiin raagichi, «Isaan meetii soddoma akka gatii isaa teetuuf, ijoolleen Israa'elii herreddee fudhatte; \v 10 akkuma Goottaalle na ajajetti gatii lafaa namicha faara dhowuu kennane» jedhee dubbate muummotte. \s1 Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame \r (Mar. 15:2-5; Luq. 23:3-5; Yoh. 18:33-38) \p \v 11 Yesuus Philaaxoosii bulcha biyyaa dura dhaabbate; Philaaxoosille, «Ati mootii Yihudootaatii?» jedhee isa gaafate. \p Yesuus, «Maarre atuu jette» jedheen. \v 12 Inni ammoo yennaa sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiin himatame, deebii hin kennine. \p \v 13 Achiin duuba Philaaxoos, «Waan hedduu isaan si himatanu ati hin dhageettuu?» jedheen. \v 14 Inni ammoo jechuma tokkolle hin deebinne; tanaaf bulchaan biyyaa Philaaxoos guddoo baaseffate. \s1 Yesuusitti Du'a Murane \r (Mar. 15:6-15; Luq. 23:13-25; Yoh. 18:39—19:16) \p \v 15 Yennaa Jila Irra Dabaramaa, bulchaan biyyaa Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba. \v 16 Yennaa san namichi hantuu hujiisaan beekkame tokko, ka Barabbaa jedhamu, hidhaa keessa jiraayyu. \v 17 Maarre isaan wolitti qabamaneen duuba, Philaaxoos, «Eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan? Barabbaa moo yookiin Yesuus ka Masiihii jedhame» isaaniin jedhe. \v 18 Philaaxoos akka isaan waan hinaattolee te'aneef dabarsanee isa kennane beekeera. \p \v 19 Philaaxoos barcumaa mura'aa gubbaa tee'eeruun, haati manaa isaa, «Namicha balchaa san waan tokkolle hin godhin! Ani eda halkan marroo isaa oojju'uun guddoo rakkadhe» jettee ergaa itti ergite. \p \v 20 Sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Barabbaan akka isaanii hiikamuu fi Yesuus akka ijjeefamu gumiin akka gaafattuuf yaada fudhachiisane. \v 21 Bulchaan biyyaa Philaaxoos ammalle, «Isaan lamaan keessaa eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. \p Isaanille, «Barabbaa nuuf hiiki!» jedhane. \p \v 22 Philaaxoos, «Yesuus ka Masiihii jedhame maan godhu ree?» isaaniin jedhe. \p Isaan martinuu, «Inni fannifamuu ti!» jedhane. \p \v 23 Achiin duuba inni, «Maaf? Inni yakkaa maan hujeera?» jedhee isaan gaafate. \p Isaan ammoo, «Inni fannifamuu ti!» jedhanee iyyanee hogisane. \p \v 24 Maarre Philaaxoos irra caalaa nageya booressiisa malee, waan tokkolle godhuu akka hin dandeenne yennaa dhagge, bisaan fuudhee, gumii duratti harka ifii dhiqatee, «Ani dhiiga nama kanaa irratti yakkaa hin qabu; isinitti itti gaafatama!» jedhe. \v 25 Achiin duuba kolbaan duudiinuu, «Dhiiga isaatiif, nuutii fi ijoollee teenna itti gaafattannuu ti» jedhanee deebisane. \p \v 26 Maarre inni Barabbaa isaaniif hiike; liche'een Yesuus dhaansiseen duuba, akka fannifamuuf dabarsee kenne. \s1 Loltooti Yesuusitti Taphatane \r (Mar. 15:16-20; Yoh. 19:2-3) \p \v 27 Achiin duuba loltooti bulchaa biyyaa Yesuus gara mana mootumma'aatitti fuudhanee geessane; loltoota duudii adaala Yesuusiititti wolitti qabane. \v 28 Isaan woyaa isaa irraa baasanee woyaa diintuu itti uffisanee, \v 29 dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Ulee harka isaa middichatti qabachiisanee, isa duratti jilbiiffatanee, «Mootii Yihudootaa, jiraadhu!» jedhaa itti taphatane. \v 30 Isaan itti tufanee, uleelle irraa fuudhanee mataa isaa dhowane. \v 31 Itti taphataneen duuba, isaan woyaa san irraa baasanee woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba fannisiisaaf isa geessane. \s1 Yesuus Fannifame \r (Mar. 15:21-32; Luq. 23:26-43; Yoh. 19:17-27) \p \v 32 Isaan yennaa gad bayane, namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu dhagganee, fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane. \v 33 Isaan addee Golgootaa jedhantu dhufane; «Golgootaa» jechuun «Addee buqqii mata'aa» jechu'u. \v 34 Isaan daadhii woyni'ii hadhoottu'uun makanee, akka unuuf Yesuusiif kennane. Inni afaaniin qabe malee, hin unne. \v 35 Yesuus fannisaneen duuba hixaa buufatiisaan woyaa isaa qoqoodamane. \v 36 Achiin duuba isaan achi tee'anee isa eegane. \v 37 Isaan barreeffama isa ittiin himatane, «Kun mooticha Yihudootaa, Yesuus» ka jedhu, mataa isaatiin gubbaa keyane. \v 38 Yennaa san isaan alagaltoota lamaan, tokko midda isaatitti tokko bitaa isaatitti, isa woliin fannisane. \v 39 Worri achiin dabaranu mataa ifii raasaa, \v 40 «Ati ka Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ijaartu, ifi fayyisi me! Ati yoo Ilma Waaqaa teete, fannoo irraa gad bu'i!» jedhaa isa arrassane. \p \v 41 Akkasuma sooreyyii hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi jaarsolee woliin itti taphatanee, \v 42 «Inni worra dhibii fayyiseera; mataa ifii fayyisuu hin dande'u. Inni mootii Israa'elii yoo te'e, me amma fannoo irraa gad bu'uu ti; nuutille isatti hin dhugeeffanna. \v 43 Inni Waaqatti addatee, ‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, Waaqi yoo barbaade, me amma isa fayyisuu ti» jedhane. \v 44 Akkasuma alagaltooti isa woliin fannifamanelle isa arrassane. \s1 Du'a Yesuusii \r (Mar. 15:33-41; Luq. 23:44-49; Yoh. 19:28-30) \p \v 45 Orraa saatii jaan jalqabee haga saatii sagalii latti duudiin dukkanootte. \v 46 Gara saatii sagaliititti Yesuus, «Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf na lakkitte?» jechu'u. \p \v 47 Worra achi dhaabbatanu keessaa gariin yennaa tana dhage'ane, «Namichi kun Eliyaas waamiisatti jira» jedhane. \v 48 Yoosuma isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii\f + \fr 27:48\fr*\fqa Ispoonjii: \fqa*\ft Waan bisaan nafaan xuuxu\ft*\f* fuudhee, daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka inni unuuf isaaf kenne. \p \v 49 Worri dhibiin ammoo, «Eegi me! Eliyaas dhufee akka isa fayyisu hin ilaalla!» jedhane. \p \v 50 Achiin duuba Yesuus ammalle qoonqoo guddo'oon iyyee du'e. \p \v 51 Yennuma san gollaan Galma Waaqaa keessaa gubba'aa haga gadii addee lamatti tarsa'e. Latti tachoote, rassaalle dadayya'e. \v 52 Irreensotille banamanee, kolbaan Waaqaa ta duute keessaa worri hedduun ka'ane. \v 53 Isaan irreensa keessaa bayanee, Yesuus du'aa ka'een duuba, gara qachaa woyyichaa gara Yerusaalemii galanee, worra heddu'utti mudhatane. \p \v 54 Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho'a lafaatii fi waan te'e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, «Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhane. \p \v 55 Dubartooti hedduun, irraa fagaatanee ilaalaa, Galiilaa irraa jalqabanee Yesuus hordofaa isa tajaajilane achi jiraniiyyu. \v 56 Isaan keessa Maariyaamii qachaa Magdala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi Yoseefii, haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atti jira. \s1 Yesuus Awwaalame \r (Mar. 15:42-47; Luq. 23:50-56; Yoh. 19:38-42) \p \v 57 Yennaa galgalootte, namichi dureessi qachaa Armaatiya'aa, ka Yoseef jedhamu tokko, achi dhufe; innille barataa Yesuusiitiiyyu. \v 58 Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii gaafate; achiin duuba Philaaxoos reeffi akka kennamuuf ajaje. \v 59 Maarre Yoseef reeffa fudhatee, woyaa qoolaa qulqullu'uun maree, \v 60 goda awwaalaa haareya ta ifiif rassaa keessatti bocate keessa keye. Achiin duuba dhakaa guddaa balbala goda awwaalaatitti gangalchee, achii deeme. \v 61 Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun goda awwaalaa fuula dura tee'iisatti jiraniiyyu. \s1 Worra Goda Awwaalaa Eegu \p \v 62 Boruyyaa, guyyaa qophi'iitiin duuba, guyyaa Sanbataa sooreyyii hayyootaatii fi Fariisaayoti Philaaxoos duratti wolitti qabamanee, \v 63 «Gootta'a, sobaalessi sun adoo jiruu, ‹Guyyaa sadiin duuba deebi'ee ka'a› waan inni jedhe nuuti hin qaabanna. \v 64 Tanaaf haga guyyaa sadiititti godi awwaalaa akka eegamu ajaji; kun te'uu dhabaannaan, barattooti isaa dhaqqanee reeffa hatanee fa'a, kolba'aan, ‹Inni du'a keessaa ka'eera› hin jedhan; sobi duuba irraa ka duraa caalaa hamaa te'a» jedhaneen. \p \v 65 Philaaxoos, «Worra eegu fudhadha'aa dhaqa'aatii, akka beettanutti eegachiifadha'a» isaaniin jedhe. \v 66 Maarre isaan worra eegu woliin dhaqanee dhaka'atti chaappaa dhowanee, goda awwaalaa san eegisiisane. \c 28 \s1 Yesuus Du'aa Ka'e \r (Mar. 6:1-10; Luq. 24:1-12; Yoh. 20:1-10) \p \v 1 Sanbati dabareen duuba, Dilbata\f + \fr 28:1\fr*\fqa Dilbata: \fqa*\ft Guyyaa jalqaba torbaanii\ft*\f* barii halkaniin, Maariyaamiin qachaa magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun boolla awwaalaa ilaaliisaaf dhaqane. \v 2 Ergamaan Gootta'aa ol-gubbaa irraa gad bu'ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee'eef, dedhuma tacho'i lafaa guddaan te'e. \v 3 Bifi isaa akka balaqqeetti'ii, woyaan isaa adii akka dhakaa roobaa ti. \v 4 Worri eegu ergamaa Gootta'aa waan sodaateef hollatanee\f + \fr 28:4\fr*\fqa Hollatanee: \fqa*\ft Rommanee\ft*\f* akka nama du'ee te'ane. \p \v 5 Ergamaan Gootta'aa ammoo dubartootaan, «Hin sodaatina'a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka. \v 6 Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du'aa ka'eera. Addee reeffi isaa keyame kowa'aa ilaala'a. \v 7 Amma ariifadha'aatii deema'aatii, ‹Inni du'aa ka'eera, amma isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa; isin achitti isa hin dhaggitan› jedha'aatii barattoota isaatitti hima'a. Kunoo, ani isinitti himeera» jedhe. \v 8 Maarre dubartooti soda'aa fi gammada gudda'aan ariifatanee boolla awwaalaa keessaa bayanee, barattoota isaatitti himiisaaf rukkisane. \p \v 9 Dedhuma Yesuus isaaniin wolde'ee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe. Isaanille itti hiiqanee, miila isaa qabatanee, isaaf sagadane. \v 10 Achiin duuba Yesuus, «Hin sodaatina'a; gara Galiila'aa akka dhaqanu obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa hima'a; isaan achitti na dhaggan» isaaniin jedhe. \p \v 11 Dubartooti adoo karaa irra jiranuu, worra boolla awwaalaa eegu keessaa gariin gara qacha'aa dhaqanee waan te'e mara sooreyyii hayyootaatitti himane. \v 12 Sooreyyiin hayyootaa jaarsolee kolba'aa woliin wolitti dacha'anee mari'atanee, beesee guddoo loltootaaf kennanee, \v 13 «Isin, ‹Barattooti isaa adoo nuuti rafiisatti jirruu halkan dhufanee reeffa isaa hatanee deemane› jedha'aa kolba'atti hima'a. \v 14 Bulchaan biyyaa yoo dubbii tana dhage'e, nuuti itti hinnee dubbii nyaachinnee, akka isin hin rakkannelle goona» jedhaneen. \v 15 Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti. \s1 Yesuus Barattoota Ifiititti Mudhate \r (Mar. 16:14-18; Luq. 24:36-49; Yoh. 20:19-23; HuE. 1:6-8) \p \v 16 Barattooti kudhanii tokko gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqane.\x - \xo 28:16 \xo*\xt Mat. 26:32; Mar. 14:28\xt*\x* \v 17 Isaan yennaa isa dhaggane, isaaf sagadane; worri gariin mamane. \v 18 Yesuus gara isaanii dhufee, «Baalliin duudiin ol-gubba'aa fi lafa irratti naaf kennanteerti. \v 19 Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha'a.\x - \xo 28:19 \xo*\xt HuE. 1:8\xt*\x* \v 20 Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa'a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.