\id MAL - Guji Bible \ide UTF-8 \h Milkiyaasii Raagichaa \toc1 Kitaaba Milkiyaasii Raagichaa \toc2 Kitaaba Milkiyaasii Raagichaa \toc3 Mil. \mt1 Kitaaba Milkiyaasii Raagichaa \imt Seensa \ip Kitaab Milkiyaasii raagichaa dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shaneesso'oo keessa Galmi Waaqaa ka Yerusaalem keessaa deebifamee ijaarameen duuba dhaggame; raagichi akka hayyootii fi kolbaan gondooroo Waaqa woliin galane haaressanu jabeessee yaadachiisa; kolbaan Waaqaa jiruu ifiitii fi Waaqa waaqonfatiisaan akka laatteertuu fi addatama dhidhitteertu ifa. Hayyootaa fi kolbaan ciincaa isaaf male kenniisa dhabiisaa fi akka barsiisa isaatitti le'iisa dhabiisaan Waaqa sobiisatti jiraniiyyu. Waaqi ammoo akka karaa qopheessuu fi gondooroo lallabuuf, ergamaa ifii dursee ergee kolbaa ifiititti muriisaa fi qulqulleessiisaaf hin dhufa. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Jaalala Waaqi kolbaa Israa'eliitiif qabu\ior 1:1-5\ior* \io1 Mootiin Waan Maraa Hayyoota Xixe\ior 1:6—2:9\ior* \io1 Waaqaaf addatamuu Dhaba Kolba'aa\ior 2:10-16\ior* \io1 Guyyaan Mura'aa Dhikaate\ior 2:17\ior* \io1 Dhufa Mootii Waan Maraa\ior 3:1-5\ior* \io1 Kudhan Keessaa Tokko Kennuu\ior 3:6-12\ior* \io1 Marartii Waaqi Kenniisaaf Waadaa Gale\ior 3:13-18\ior* \io1 Guyyaa Mura'aa\ior 4:1-6\ior* \c 1 \p \v 1 Ergaan tun ta Mootiin Waan Maraa karaa raagicha Milkiyaasiitiin kolbaa Israa'eliitiif dubbatte. \s1 Jaalala Mootiin Waan Maraa Kolbaa Israa'eliifii qabu \p \v 2 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Ani isin jaaladhe» jedha; isin ammoo, «Attamiin nu jaalatte?» jettan. \p Mootiin Waan Maraa deebisee, «Esaawuu fi Yaaqoob obboleeyyan; ani ammoo Yaaqoob jaaladhee, \v 3 Esaawuu ammoo jibbe. Biyya koobittii isaalle goomolee godhee, lafa inni dhaalu jeedala goomole'eetiif lakkise» jedhe. \p \v 4 Sanyiin Esaawuu worri Edoomii, «Qachooti keenna diigamanee turaneeran; amma ammoo ka diigamane san deebinnee hin ijaarra!» hin jedhan; ammoo Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Isaan hin ijaaran; ani ammoo hin diiga. Kolbaan ‹Biyyi sun biyya hantu'u; kolbaan biyya saniille kolbaa Mootiin Waan Maraa baraa haga bara baraa itti mufate› hin jetti. \p \v 5 «Isin kolbaan Israa'elii tana ila teessaniin dhaggitanee, ‹Meessaa Israa'eliitiin alattille Mootiin Waan Maraa gudda'a› hin jettan» jedhe. \p \v 6 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hayyoota isa tuffatanuun, «Ilmi abbaa ifii, hojjataan hojjachiisaa ifii hin ulfeessa; adoo ani abbaa keessan te'eeruu maaf na ulfeessuu dhaddane ree? Adoo ani hojjachiisaa te'eeruu maaf na sodaatuu dhaddane ree? Isin ammoo, ‹Attamiin si tuffanne?› jettanee gaafattan. \v 7 Isin sagalee battootte addee ciincaan kiyya itti ciinceffamutti ciincessitan; achiin duuba, ‹Attamiin addee ciinca'aa batteessine?› jettanee gaafattan. Dabaltaneelle, ‹Addeen Mootii Waan Maraatiif ciincaan itti ciinceffamu ka tuffatame› jettan. \v 8 Horii ballaa yookiin dhibamaa yookiin naafa ciinca'aaf yennaa dhikeessitanu, kun waan gadhe'ee motii ree? Me waan akkasii bulchaa keessaniif dhikeessa'a! Inni isinitti hin gammadaa? Gammadee isin irraa hin fudhataa?» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade. \p \v 9 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Isin waan akkasii ana Mootii Waan Maraatiif ciincaa ciincessitanee akka ani isiniif araaramu yoo daadimattane, kun dokonkora keessan. \v 10 Ani isinitti hin gammadu; ciincaa isin naaf ciincessitanu isin irraa waan hin fudhanneef, akka isin addee ciincaan kiyya itti ciinceffamu irratti ibidda hin gabbinne, maaloo nami isin keessaa balbala Galma Waaqaa cufu adoo jiraatee! \v 11 Maqaan kiyya gosa biyya adda addaa oddu'utti baya adu'uu irraa haga seensa adu'uutitti guddaa hin te'a; maqaan kiyya gosa biyya adda addaa oddu'utti guddaa waan te'eef, addee maratti ulfinna maqaa kiyyaatiif hixaannii fi kennansi qulqulluun hin dhikeeffama. \p \v 12 «Isin ammoo, ‹Addeen Mootii Waan Maraa ka dada maraatiif ciincaa itti ciincessanu ta battootte› jettanee sagalee tuffatante achi irratti yennaa dhikeessitane addee ciinca'aa san batteessitane. \v 13 Dabaltaneelle, ‹Kun eloo qofa!› jettanee itti murgitan; isin horii hatame, horii naafa, horii dhibame fiddanee ciincaa ciincessitan; ani kana ani isin irraa hin fudhadha seetanii? \v 14 Nami hoolee ifii keessaa korbeessa fafa hin qanne ka ana Mootii Waan Maraatiif waadaa galeeru adoo qabuu, addee isaa horii fafa qabu sobaan dhikeessu ka abaarame te'uu ti! Ani mootii guddaa waan te'eef, maqaan kiyya gosa biyya adda addaa keessatti sodaatamaa hin te'a» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade. \c 2 \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, hayyootaan, «Ee hayyoota! Ajaji kun isiniif baye; \v 2 isin yoo naaf dhage'uu diddane, maqaa kiyyaaf ulfinna kenniisaaf yoo itti yaaduu dhaddane, ani abaarsa isin irratti hin erga; eebbaa keessanille abaarsatti hin jijjiirra; waan isin ulfinna naaf kenniisaaf itti yaaduu dhaddaneef, dhuguma ani ammaayyuu isin abaareera. \v 3 Kunoo, ani sababa keessaniif jedhee, sanyii teessan hin xixa; cumaa horii isin ciinca'aaf qaltanee fuula keessanitti hin diba; cumaa san wolille'een fuula kiyya duraa hin gatantan. \v 4 Achiin duuba gondooroon tiyya ta ani Lewwii woliin godhe akka hin diiganne, ajaja kana akka ani kenne hin beettan. \p \v 5 «Gondooroon tiyya ta isa woliin godhe sun gondooroo jiru'uu fi nageyaa ti; tana akka inni na ulfeessu isaaf kenne; innille na sodaatee maqaa kiyya ulfeesse. \v 6 Barsiisa dhuga'aa barsiise; dubbiin dabaa afaan isaa keessaa hin baane. Inni nageyaa fi qajeelumma'aan na woliin le'ee, namoota hedduu yakkaa irraa deebiseera. \v 7 Hayyichi beekkumsa dhuga'aa hin eega; inni ergamaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee waan te'eef, nami afaan isaa keessaa barumsa hin barbaada. \v 8 Isin ammoo karaa irraa gortanee namoota hedduulle barsiisa keessaniin gufachiittaneertan; gondooroo ani Lewwii woliin godhelle diiddaneertan. \v 9 Waan isin ajaja kiyya eeguu diddanee, seera kiyya yennaa barsiittanulle nama wol caalchittanuuf, ani ammoo gosa mara duratti akka tuffatantanuuf akka qaanottanu godha» jedha. \s1 Waaqaaf Addatamuu Dhaba Kolbaa Yihuda'aa \p \v 10 Marti keenna abbaa tokkocha qannaa motii? Waaqa tokkochattuu nu maraayyuu dadee motii? Maaniif nuuti wolii wolii keennaaf addatamuu dhannee, wol irratti ka'iisaan gondooroo Mootiin Waan Maraa abbootii teenna woliin godhe maaf diinna ree? \v 11 Kolbaan Yihudaan hin addatanne; Israa'elii fi Yerusaalem keessatti waan Waaqi jibbu hujane; isaan dubartoota waaqota dharaa waaqonfattu fuudhanee addee Galma Waaqaa san batteessan. \v 12 Eennulle nama waan akkasii huju kanaaf yoo falmate, yookiin akka inni fudhatama dhaggatu yoo dubbate, yookiin isaaf Mootii Waan Maraa Ka bara baraa ka dada mara ajajuuf kennansa yoo dhikeesse, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade nama san sanyii Yaaqoobii keessaa balleessuu ti. \p \v 13 Wonni dhibiin isin gootanu ammoo addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa imimmaaniin dhixxan; haganaa achi Mootiin Waan Maraa kennansa keessan gammadaan waan isin irraa hin fudhanneef, hin boottan; hin iyyitanille'e. \v 14 Isin «Kun maaf te'a?» jettanee gaafatan; isin waa'ela teessan ta teetee muttaaraa teessaniif addatamuu waan dhaddaneef tun teete; Mootiin Waan Maraa isinii fi muttaaraa teessan oddu'utti dhugaa bayaa te'eeraayyu. \v 15 Waaqi isinii fi muttaaraa teessan foonii fi Ayyaanalle'een tokko hin goonee ree? Maaf tana godhe? Sanyii Waaqa sodaattu waan barbaadeeruuf tana godhe; tanaaf ifi eeggadha'a! Muttaaraa teessaniif addatamummaa hin dhabina'a. \v 16 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, «Ani nama niitii ifii lakkisu jibba; ani akka nama woyaa akka kaso'oon uffatuu nama waan hantuu godhulle jibba; tanaaf ifi eeggadha'a; addatamummaalle hin dhabina'a!» jedha. \s1 Guyyaan Mura'aa Dhikaate \p \v 17 Isin jechoota keessaniin Mootii Waan Maraa dadhassiittaneertan; ammoo, «Attamiin isa dadhassiinne?» jettanee gaafattan; isin «Worri waan hantuu huje martinuu Mootii Waan Maraa duratti dansa'a; inni isaanitti hin gammada; yookiin abbaan muraa dhuga'aa eessa jira?» jettanee gaafatiisaan isa dadhassiittan. \c 3 \s1 Dhufa Mootii Waan Maraa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kunoo, ani ergamaa kiyya ka karaa naaf qopheessu ifiin dura erga; dedhuma Goottaan isin barbaaddanu sun gara Galma ifii hin dhufa; kunoo, ergamaan waadaan galame ka isin halchitanu sun hin dhufa» jedha. \p \v 2 Ammoo guyyaa dhufa isaatitti eentu ossuu dande'a? Yennaa inni mudhatu eentu isa dura dhaabbatuu dande'a? Inni akka ibidda sibiila baqisiisuu ti; akka saamunaa woyaa ittiin borcanuu ti. \v 3 Inni akka nama sibiila baqisiisuu ti; akka nama meetii qulleessuu te'ee sanyii Lewwootaa baqisiisee akka worqi'ii fi akka meeti'ii isaan hin qulleessa; isaanille worra Mootii Waan Maraatiif ciincaa balchicha ciincessanu hin te'an. \v 4 Achiin duuba ciincaan Yihuda'aatii fi ciincaan Yerusaalemii akka baroota dabaranee, akka woggoota durii sanitti Mootii Waan Maraa duratti fudhatama hin qabaata. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani muraa kenniisaaf isinitti dhikaadheera; worra namatti xanu irratti, worra gaarayyeeffatu irratti, worra sobaan kakatu irratti, namoota worra hojjatoota, haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abba'aa fi haati hin jirre cunqursanu irratti, worra nama alaga'aa muraa haqaa dhooggatu irratti, worra na hin sodaanne irrattille dafee dhugaa hin baya. \s1 Kudhan Keessaa Tokko Kennuu \p \v 6 «Ani Mootii Waan Maraa ti; ani anuma; ani hin jijjiiramu; isinille diqqumaayyuu hin jijjiiranne; isin haga ammaa ijoollee Yaaqoobii sobaalessaa ti. \v 7 Bara abbootii teessanii irraa jalqaddanee haga ammaatitti isin seerata kiyya irraa gortaneertan; isalle hin eeganne; ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Gara kiyya deebi'a'a! Anille gara keessan hin deebi'a!› isiniin jedheera; isin ammoo, ‹Attamiin deebina?› jettan. \v 8 Nami Waaqa hin saamaa? Te'uu malee isin na saamiisatti jirtan! Isin ammoo, ‹Attamiin si saamiisatti jirra?› jettanee hin gaafattan; isin kudhan keessaa tokko kennuu dhabiisaan, kennansa kennuu dhabiisalle'een na saamiisatti jirtan. \v 9 Isin, gosi teessan martinuu na waan saamiisatti jirtanuuf, isin abaarantaneertan. \v 10 Mana kiyya keessa sagaleen akka jiraattuuf kudhan keessaa tokko guutumatti gootaraa kiyyatti galcha'a! Ani foddaa ol-gubba'aa banee, eebba irraan dhangala'u yoo gad isiniif jissuu dhabaadhe na ilaala'a! \v 11 Corroxxi adda addaa midhaan keessan akka hin balleessine ani hin xixa; fichaa keessan keessaa muki woyni'ii keessan ka midhaan dhabe hin te'u. \v 12 Isin biyya nama gammachiittu keessa waan leetanuuf gosi biyya adda addaa martinuu, ‹Isin worra eebbifame› isiniin jedhan. \s1 Marartii Waaqi kenniisaaf Waadaa Gale \p \v 13 «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin na irratti dubbii badduu dubbattaneertan› jedhe; te'uu male isin, ‹Maan si irratti dubbanne?› jettan; \v 14 isin, ‹Waaqa tajaajiluun bu'aa hin qabu; akka worra gaddaneetitti fuula Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dande'u dura deddeebi'aa adoo jirruu, waan inni ajaje eeguun keenna maan wo nuu baati? \v 15 Akkuma dhagginu, worri koorameeyyiin gammada qaban; worri hantuu hujuu badhaadhiisa callaa adoo hin te'in, yennaa Waaqa haga ilaalanulle rakkoon isaan hin dhaqqaddu› jettan» jedha. \p \v 16 Achiin duuba worri Mootii Waan Maraa sodaatu woliin dudubbatane; Mootiin Waan Maraa isaan caqasee, waan isaan dudubbatane dhage'e; kitaab dabarsii marroo worra isa sodaatanuutii fi worra maqaa isaa ulfeessanuu, fuula isaa duratti barreeffame. \v 17 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Guyyaa ani murteeffadhe sanitti isaan qabeenna kiyya ka addaa hin te'an; akkuma worri ijoollee isaaniif tajaajiltu mararfatu akkasuma anille isaan mararfadha. \v 18 Yennaa sanitti isin garaagarummaa worra balcha'aa fi worra hamaa odduu jirtu, garaagarummaa worra Waaqa tajaajiluu fi hin tajaajille odduu jirtulle hin dhaggitan» jedha. \c 4 \s1 Guyyaa Dhufa Mootii Waan Maraa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kunoo, guyyaan akka barbada ibiddaa gubu dhufaara; yennaa sanitti worri kooruu fi worri hantuu huju martinuu akka hicaace'ee ti; guyyaan dhufu sun isaan hin guba; hidda yookiin damee isaaniif hin lakkisu. \v 2 Isin worra maqaa kiyya sodaattanuuf ammoo aduun balchummaa isiniif fidduu fi ta koolli isi'ii fayyinna ifi keessaa qabu isiniif hin baati; isin akka waatolee gooree keessaa gad baatee hin burraaxxan. \v 3 Isin yennaa san worra hamoota san irra hin sirbitan; guyyaa ani waan kana godhu san faana teessan jalatti daadhaa hin te'an. \p \v 4 «Barsiisa garbicha kiyya Muuse'ee, seerataa fi ajaja ani gaara Horeebii irratti kolbaa Israa'elii maraaf isatti kenne qaabadha'a. \p \v 5 «Kunoo, guyyaan kiyya gudda'aa fi sodaachisaan sun adoo hin dhufiniin dura, ani Eliyaasii raagicha isiniif hin erga. \v 6 Ani dhufee, lafa abaarsa itti buusee akka hin balleessine, inni gadhaa abbooti'ii gara ijoollee isaanii, gadhaa ijoollee isaanii gara abbootii isaanii hin deebisa» jedha.