\id LUK - Guji Bible \ide UTF-8 \h Wongeela Luqaasii \toc1 Wongeela Luqaasii \toc2 Wongeela Luqaasii \toc3 Luq. \mt2 Wongeela Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii \mt1 Ka Luqaas Barreesse \imt Seensa \ip Wongeelli Luqaasii, bara heddu'uun duratti hin dhufa jedhamee ka raagotaan himameef, worri addiin tun kennanteef kolbaan Israa'elii ka eegataa turte, «Masiihii», akkasuma, «Fayyisaa» sanyii nama maraa akka te'e mudhisiisaan Yesuus dhikeessa. Luqaas Yesuus, «Hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka lallabuuf» Abbaa biraa akka ergamee fi Oduun Gammadaa tunille namoottaan rakkinna adda addaa qabanuuf ta fala qaddu akka teete odeessa. Wongeela Luqaasii keessatti marroo dhufiisa Yesuusii foorota dubbatanu ka jalqabaatii fi marroo gara ol-gubba'aa bayiisa Yesuusii, foorota dubbatanu ka dhumaa keessatti ifa tolfamee ka himame irra caalaa marroo gammadaa ti. Yesuus gara ol-gubba'aa bayeen duuba dhugeeffannaan kiristaanaa attam akka guddattee fi akka badhatte dabarsiin hintu kitaaba Hujii Ergantootaa keessatti barreessaa kanaanuu himanteerti. \ip Marroo faaruu ergantoota Waaqaa, yennaa Yesuus dhalate tissitooti akka dhaqanee ilaalane, Yesuus yennaa ijoollumma'aa gara Galma Waaqaa akka dhaqe, marroo namicha gosa Samaariya'aa naasaleessaatii fi ilma badee dhaggamee dabarsiin dubbattu kitaaba Luqaasii keessa calla'atti dhagganti. Wongeela kana keessatti jalqabaa haga dhumaatitti xiyyeeffannaan guddoon ka kennanteef, marroo daadimataa, marroo Ayyaana Woyyichaa, tajaajila Yesuusii keessatti marroo qooda dubartooti qabanuutii fi cubbuu araaramuu Waaqaa ti. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Itti Seensa\ior 1:1-4\ior* \io1 Dhaloota Yohaannisii Cuupha'aatii fi Yesuusii\ior 1:5—2:52\ior* \io1 Tajaajila Yohaannisii Cuupha'aa\ior 3:1-20\ior* \io1 Cuuphamiisaa fi ataabamiisa Yesuusii\ior 3:21—4:13\ior* \io1 Yesuus Galiilaa keessatti tajaajila jalqabuu\ior 4:14—9:50\ior* \io1 Galiila'aa gara Yerusaalemii\ior 9:51—19:27\ior* \io1 Torbaan dhumaatitti Yerusaalemii fi adaala isi'iititti\ior 19:28—23:56\ior* \io1 Du'aa ka'a, mudhatiisaa fi ol bayiisa Gootta'aa\ior 24:1-53\ior* \c 1 \s1 Itti Seensa \p \v 1 Ulfaataa Tewoofiloos! \p Marroo waan odduu teennatti te'ee namooti hedduun barreessiisaaf wodhaananeeran. \v 2 Ergaa tana worri nu'uuf dabarsane worra jalqabaa jalqabanee ila ifiitiin dhagganee fi worra dubbii tana lallabane. \v 3 Maarre anille, waan mara jalqabaa jalqabee, akka dansaa waan qoradheeruuf, tarre'etti galchee si'iif barreessuun dansaa teetee natti mudhatte. \v 4 Wonni ati baratteertu dhugaa akka teete guutattee akka beettuuf, ani tana godhe. \s1 Dhalooti Yohaannisii Cuupha'aa Duraanuu Himame \p \v 5 Bara Heroodis mooticha biyya Yihuda'aa te'eerutti, balbala hayyootaa, gooree Abiiya'aa keessaa hayyichi Zakaariyaas jedhamu tokko jira. Niitiin isaalle sanyii Aaronii ti; maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama. \v 6 Isaan lamaanuu ajajaa fi seera Gootta'aa maraaf ajajamaa fuula Waaqaa duratti le'ii dansaa le'ane. \v 7 Elsaabeex maseena waan teeteef, isaan ijoollee hin qabanu. Isaan lamaanuu guddoo dulloomaneeran. \v 8 Gaafa tokko, badoon hujii hayyumma'aa ta hayyoota gooree Zakaariyaasii waan teeteef, Zakaariyaas fuula Waaqaa duratti hujii hayyummaa ifii hujiisaaf dhikaate. \v 9 Akka aadaa hayyootaatitti, gara Galma Waaqaa seenee hixaana akka aarsuuf carra'aan filame. \v 10 Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti. \v 11 Ergamaan Waaqaa addee hixaanni itti aarfamu gara middaatiin dhaabbatee Zakaariyaasitti mudhate. \v 12 Zakaariyaas yennaa isa dhagge rifatee sodaate. \v 13 Ergantichi Waaqaa ammoo, «Zakaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si'iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta. \v 14 Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi. \v 15 Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama. \v 16 Kolbaa Israa'elii hedduu gara Waaqa Goottaa isaanii hin deebisa. \v 17 Akkuma Eliyaasii raagichaa Ayyaanaa fi hunna qabaatee, yaada abbooti'iitii fi ijoolle'ee tokko tolchiisaaf, kolbaa hin ajajanne gara yaada balchoole'eetitti deebisiisaaf, kolbaalle Gootta'aaf qopheessiisaaf Gootta'aan dura hin ideema» isaan jedhe. \p \v 18 Zakaariyaas Erganticha Waaqaatiin, «Wonni kun akka teetu attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyalle dulloonneerra» jedhe. \p \v 19 Ergantichi Waaqaalle, «Ani Gabri'eel, ka fuula Waaqaa dura dhaabbadhu, oduu gammadaa tana sitti himiisaaf ergamee dhufe. \v 20 Ati ammoo ergaa tiyya ta yennaa te'uu maltetti, te'uu jirtu hin dhugeeffanne. Waan dhugeeffatiisa dhaddeef haga wonni kun teetutti, afaan hin duudda; dubbatiisalle hin dandeettu» jedhee deebise. \v 21 Kolbaan yennaa san Zakaariyaas eegatiisatti jirtu, inni Galma Waaqaa keessatti turee jennaan maadeffatte. \v 22 Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne. \v 23 Yennaan Zakaariyaas Galma Waaqaa keessatti tajaajilu hobbaatee jennaan gara mana ifii deebi'ee gale. \v 24 Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji'a shanii mana ifii keessatti dhokatte. \v 25 Isiin, «Goottaan tana naaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu'uu na irraa dhoogge» jette. \s1 Dhalooti Yesuusii Duraanuu Himame \p \v 26 Elsaabeex ulfoottee ji'a jayeesso'ootitti Waaqi erganticha Gabri'eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu, \v 27 gara durra duuddu'uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti. \v 28 Ergantichi Waaqaa gara isi'ii dhufee, «Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si'iif te'u; Goottaan si woliin jira!» isi'iin jedhe. \p \v 29 Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee «Kun nageya attamiiti?» jettee yaadatte. \v 30 Ergantichi Waaqaa isi'iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. \v 31 Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan. \v 32 Inni guddaa hin te'a, Ilma Waaqa Ol Aana'aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawitii isa hin mootonsa. \v 33 Inni kolbaa Israa'eliitiif haga bara baraa mootii hin te'a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu» jedhe. \p \v 34 Maariyaam erganticha Waaqaatiin, «Ani durra duuddu'u; tun attam te'iisaa dandeetti?» jette. \p \v 35 Ergantichi Waaqaalle deebisee, «Ayyaanni Woyyichi si'itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana'aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa'inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama. \v 36 Firri teeti Elsaabeex ta maseente jedhante, guddoo dulloontulle, amma ammoo isiinuu ulfoottee kun ji'a jayeesso'oo ti. \v 37 Waaqaaf wonni hin dande'anne hin jirtu» jedhe. \v 38 Maarre Maariyaam, «Ani tajaajiltuu Gootta'aa ti. Akkuma ati jette naaf teetuutii!» jette. Achiin duuba ergantichi Waaqaa isii biraa deeme. \v 39 Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti'ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe. \v 40 Isiin mana Zakaariyaasii seentee, Elsaabeex nageya fuute. \v 41 Elsaabeex nageya Maariyaami'ii yennaa dhageette, annuun gadaamessa isi'ii keessa utaale. Elsaabeex Ayyaana Woyyichaan guutantee, \v 42 qoonqoo ol qabattee, «Ati dubartii mara caalaa ta eebbifante, mucaan ati deettulle ka eebbifame! \v 43 Haati Goottaa kiyyaa gara kiyya dhuttee, akka na dubbittuuf ulfinni akkanaa maaf naa te'e? \v 44 Akkuma qoonqoo nageya fuudhiisa keetii gurri kiyya dhage'een, finni gadaamessa kiyya keessaa gammadee utaale. \v 45 Dubbiin Goottaan isi'itti dubbate akka muummottu ta dhugeeffatte ta badhaate» jette. \s1 Faaruu Maariyaami'ii Ta Galataa \p \v 46 Maariyaam: \q1 «Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti; \q2 \v 47 ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada. \q1 \v 48 Inni garbittii ifii \q2 gad aantuu qaabateera. \q1 Ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha. \q1 \v 49 Waaqi dande'aan waan guddoo naaf godhe. \q1 Maqaan isaalle woyyicha. \q1 \v 50 Marartiin\f + \fr 1:50\fr*\fqa Marartiin: \fqa*\ft Naasuun\ft*\f* isaa worra isa sodaatuuf \q2 dhalootaa haga dhalootaa ti. \q1 \v 51 Inni dandeettuu irree\f + \fr 1:51\fr*\fqa Irree: \fqa*\ft Hirree\ft*\f* ifii mudhisee, \q2 worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfirse. \q1 \v 52 Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase. \q1 \v 53 Worra beelowe waan dansa'aan quussee, \q2 dureeyyii harka duwwaa gad lakkise. \q1 \v 54-55 Abbootii teenna Abrahaamii fi sanyii isaa maraaf addii haga bara baraa kenne qaabatee, \q2 marartii ifiitiin garbicha ifii Israa'el gargaareera» jette. \p \v 56 Maariyaam gara ji'a sadii Elsaabeex woliin turtee, achiin duuba gara mana ifii deebite. \s1 Dhaloota Yohaannisii Cuupha'aa \p \v 57 Elsaabeex yennaan deettu geennaan, ilma deette. \v 58 Ollootaa fi firoottan isi'ii akka Goottaan isi'iif guddoo marare dhagganee, isii woliin gammadane. \v 59 Guyyaa saddeetesso'oo annuu haqanqabaa qabiisaaf worri dhufane, annuu maqaa abba'aatiin, Zakaariyaas jedhanee baasiisaaf barbaadane. \v 60 Haati isaa ammoo, «Waawwoo! Maqaan isaa Yohaannis jedhamuu qaba» jette. \v 61 Isaan isi'iin, «Worra keeti keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkolle hin jiru» jedhane. \v 62 Achiin duuba abbaan isaa eennu jedhee maqaa isaa baasiisaaf akka barbaadu beessisaan gaafatane. \v 63 Zakaariyaas waan irratti barreessu gaafatee, «Maqaan isaa Yohaannis» jedhee barreesse. Isaan martinuu waan kana baaseffatane. \v 64 Yennuma san arrabi isaa hiikamee, dubbatiisa dande'ee, Waaqa galateeffate. \v 65 Ollaan marti waan te'e kana sodaate. Oduun waan kanaalle biyya Yihuda'aa goorittii keessatti addee maratti odeeffante. \v 66 Dhugumaan hunni Gootta'aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage'ane martinuu, «Mucaan kun maan te'inna laati?» jedhanee yaadatane. \s1 Raaga Zakaariyaas Dubbate \p \v 67 Achiin duuba abbaan isaa Ayyaana Woyyichaan guutamee, \q1 \v 68 «Kolbaa ifii gargaaree, bilisa baasiisaaf waan dhufeef, \q2 Goottaan Waaqi Israa'elii galatoomuu! \q1 \v 69 Sanyii Daawitii tajaajilaa ifii irraa, \q2 fayyisaa jabaa nu'uuf kaaseera. \q1 \v 70 Bara durii, afaan raagota woyyootaatiin dubbatee, \q1 \v 71 diinotaa fi harka worra nu jibbuu mara jalaa akka nu fayyisu addii nuuf kenneera. \q1 \v 72 Abbootii teennaaf akka mararu addii kennee fi \q2 gondooroo woyyittii ifii qaabate. \q1 \v 73-75 Bara le'ii teennaa mara fuula isaa duratti woyyumma'aa fi \q2 balchumma'aan, sodaa malee akka isaaf tajaajillu, diinota keenna jalaa akka nu baasu, abbaa keenna Abrahaamiif kakuu gale. \q1 \v 76 Mucaa kiyya, atille, raagicha Waaqa Ol Aana'aa hin jedhanta, \q2 karaa Gootta'aa qopheessiisaaf isa dura hin ideenta. \q1 \v 77 Kolbaan Waaqaa araara cubbu'uu kennamuun, \q2 beekkuma fayyinnaa akka dhaggattu hinta. \q1 \v 78 Waaqi keenna marara'aa fi gadhaa laafa'a. \q2 Inni aduu fayyinnaa nu'uuf hin baasa. \q1 \v 79 Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiru maraaf hin issa; \q2 miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha» jedhee raage. \p \v 80 Mucaan guddatee, Ayyaanalle'een jabaate; haga guyyaan inni kolbaa Israa'eliititti mudhate gewutti goomolee keessa le'e. \c 2 \s1 Dhaloota Yesuusii \r (Mat. 1:18-25) \p \v 1 Yennaa san worri mootummaa worra Rooma'aa jala jiranu mara akka laakkowamanu, mootiin moototaa Awugusxoos ajaja baase. \v 2 Laakkossi kolba'aa ka matoomaa kun, bara Qereenewos bulchaa biyya Sooriya'aa te'eerutti te'e. \v 3 Maarre nami maraa laakkowamiisaaf gara qachaa ifii dhaqe. \v 4 Yoseefille dhalootaan sanyii Daawitii waan te'eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawitii, ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu Beeteelem dhaqe. \v 5 Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe. \v 6 Adoo isaan Beeteelem keessa jiranuu, yennaan Maariyaamiin deettu geette. \v 7 Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma'aa keessaa addee buli'ii waan dhabaneef, annuu hoccu'uun martee goongaa\f + \fr 2:7\fr*\fqa Goongaa: \fqa*\ft Gonboo\ft*\f* keessa irkitte. \s1 Tissitootaa Fi Ergantoota Waaqaa \p \v 8 Dirree adaala biyya saniititti tissitooti halkaniin horii tissaa bulanu jiran\f + \fr 2:8\fr*\fqa Tissitooti horii halkaniin tissaa bulanu: \fqa*\ft Tissitooti horii miree yookiin foora bulchanu\ft*\f*. \v 9 Ergamaan waaqaa dedhuma isaanitti mudhatee, ulfinni Gootta'aalle isaanitti ifee jennaan bararaqane. \v 10 Ergantichi Waaqaa ammoo, «Hin sodaatina'a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessiisaaf dhufe. \v 11 Adha qachaa Daawitiititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni Goottaa Kiristoos. \v 12 Beessisi isaalle kana: annuu hoccu'uun maramee, goongaa keessa irkateeruun dhaggitan» isaaniin jedhe. \v 13 Ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aa hedduun erganticha Waaqaa san woliin dedhuma mudhatanee, \v 14 «Ulfinni ol-gubba'atti Waaqaaf te'u, lafalle'etti worra inni jaalatuuf nageenni te'u» jedhanee Waaqaa galateeffatane. \v 15 Ergantooti Waaqaa tissitoota lakkisanee gara ol-gubba'aa deebi'aneen duuba, tissitooti, «Ka'aa me, gara Beeteelemii dhandhee, waan te'e kana, ka Goottaan nu'utti hime ilaallaa!» woliin jedhane. \v 16 Maarre isaan ariifatanee dhaqanee, Maariyaami'ii fi Yoseef, daa'imalle goongaa keessa irkateeruun dhaggane. \v 17 Tissitooti yennaa isa dhaggane, waan ergamaan Waaqaa marroo daa'ima kanaatiif dubbate isaanitti odeessane. \v 18 Worri waan kana dhage'ane maraa, waan tissitooti isaanitti odeessane baaseffatane. \v 19 Maariyaamiin ammoo, waan kana mara gadhaa ifii keessatti qabattee itti yaadatte. \v 20 Tissitooti akkuma ergamaan Waaqaa isaanitti hime teeteertuun waan dhage'anee fi dhagganne maraaf, Waaqa galateessaa leellisaa deebi'ane. \s1 Yesuus Maqaa Baasane \p \v 21 Guyyaan saddeetesso'oo dabareeruun, mucaa haqanqabaa qabiis yennaa geye, akkuma haati isaa adoo hin ulfooyin duratti ergamaan Waaqaa maqaa isaa baase «Yesuus» jedhane. \v 22 Akka Seerri Muuse'ee ajajutti, yennaan qulqulloomiisaa geennaan, Maariyaami'ii fi Yoseef daa'ima Goottaa duratti dhiyeessiisaaf gara Yerusaalemii geessane. \v 23 Seera Gootta'aa keessatti, «Ilmi angafichi maraa Gootta'aaf kennamee ka woyyoome te'a» jedhantee barreeffanteerti. \v 24 Isaan akka seerri Gootta'aa jedhutti, saphaliisa lamaan yookiin maddoo lamaan woreega dhiyeessiisaaf dhaqane. \v 25 Yennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalem keessa le'u tokko jira. Inni nama balchaa, ka jiruu ifii Waaqaaf kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatiisatti jiru; Ayyaanni Woyyichille isa irra jira. \v 26 Masiihii Gootta'aa adoo hin dhaggin akka inni hin duune Ayyaanni Woyyichi itti mudhise. \v 27 Maariyaamii fi Yoseef akka Seera Muuse'eetitti waan barbaachisu godhiisaaf daa'ima Yesuus gara Galma Waaqaa yennaa fidane, Ayyaanni akka Simoon gara Galma Waaqaa deemu itti hime. \v 28 Simoon daa'ima fuudhee habbaarratee, \q1 \v 29 «Amma, Goottaa, addii kennite guutteerta, \q2 ana tajaajilaa keetille nageyaan addee dhuga'aa geessi\f + \fr 2:29\fr*\fqa Addee dhuga'aa geessi: \fqa*\ft Na fudhadhu\ft*\f*. \q1 \v 30-31 Fayyisiisa keeti ka ati fuula kolbaa maraa duratti qopheessite, \q2 ilti tiyya dhaggiteerti. \q1 \v 32 Ifi worra Yihudoota hin te'initti mudhisu kun, \q2 kolbaa teeti Israa'eliifille ulfinna hin fida» jedhee Waaqa galateeffate. \p \v 33 Abbaa fi haati Yesuusii waan Simoon marroo daa'imaatii dubbate baaseffatane. \v 34 Achiin duuba Simoon isaan eebbisee, Maariyaami'iin, «Daa'inni kun Israa'el keessatti nama heddu'uuf sababa badi'ii, nama heddu'uufille sababa fayyinnaa akka te'uuf Waaqaan filatameera. Inni beessisa Waaqa biraa kenname, ka kolbaan hedduun mormitu te'ee, \v 35 yaada isaanii ka dhossa'aa ifatti hin baasa. Gaddi akka shallaagaa qaramee gadhaa keeti hin woraana» jedhe. \v 36 Raagittiin Haannaa jedhantu, ta guddoo dulloonteertu takka, intalti Faanu'elii, ta gosa Aseerii achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba teetteen duuba, dhirsi isi'ii du'e. \v 37 Kanaan duuba woggaan isi'ii saddeettamii afuri haga geettu, isiin Galma Waaqaa keessa laamaa fi daadimataan halkanii fi guyyaa Waaqa tajaajilte. \v 38 Haannaan yennuma san dhuttee Waaqa galateeffattee, marroo daa'imaa worra bilisa bayiisa Yerusaalemii eegatu maratti dubbatte. \s1 Gara Naaziretii Deebi'ane \p \v 39 Yoseefii fi Maariyaam waan Seerri Gootta'aa ajaju mara hujanee fixaneen duuba, gara qachaa ifii Naaziret, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu deebi'ane.\x - \xo 2:39 \xo*\xt Mat. 2:23\xt*\x* \v 40 Daa'inni guddatee jabaate; qarummaalle'een ka guutame te'e; badhaadhi Waaqaalle isa irra jira. \s1 Yesuus Yennaa Ijoollichaa Galma Waaqaa Keessatti Hafe \p \v 41 Abba'aa fi haati Yesuusii wogguma wogga'aan guyyaa Jila Irra Dabaramaa gara Yerusaalemii dhaqan. \v 42 Yennaa Yesuus woggaa kudhanii lama guute, akkuma baratametti isaan gara jilaa dhaqane. \v 43 Yennaa jilti hobbaate, gara manaa deebi'iisaaf ka'ane; Yesuus ammoo Yerusaalemitti hafe. Abba'aa fi haati isaa waan kana hin beenne. \v 44 Waan inni worra woliin jiranu woliin jiru seyanee, guyyaa guutuu ideemaneen duuba firootaa fi jaalota ifii bira iyyaafatiisaaf ka'ane. \v 45 Isaan yennaa isa dhabane, barbaadiisaaf gara Yerusaalemii deebi'ane. \v 46 Guyyaa sadiin duuba Galma Waaqaa keessatti barsiisota woliin tee'ee, isaan caqasaa gaaffiille isaan gaafatiisatti jiruun dhaggane. \v 47 Worri isa dhage'ane maraa beekkuma isaatii fi deebii inni deebise baaseffatane. \v 48 Abba'aa fi haati isaa yennaa achitti isa dhaggane maalalane. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu tolchite? Anii fi abbaan keeti akka malee yaannee si barbaadiisatti jirra» isaan jette. \p \v 49 Yesuus deebisee, «Isin maaf na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kiyyaa keessa tee'uu male hin beennee?» isaaniin jedhe. \v 50 Isaan ammoo waan inni dubbate hin hubanne. \p \v 51 Achiin duuba Yesuus worra ifii woliin gara qachaa Naaziretii deebi'ee, worraafille ajajame. Haati isaa waan te'e san mara gadhaa ifiititti qabatte. \v 52 Yesuus Waaqaa fi nama duratti, nafaan, qarumma'aa fi gaaro'oon guddate. \c 3 \s1 Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa \r (Mat. 3:1-12; Mar. 1:1-8; Yoh. 1:19-28) \p \v 1 Xiberyoos mooticha te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, Phonxoos Philaaxoos bulchaa biyya Yihuda'aa, Heroodis biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Ixuriya'aatii fi Xuraakonixiititti, Lisaaniyaasille biyya Abiliinya'aatitti bulchitoota biyyaa te'ane. \v 2 Yennaa Haannaasii fi Qayyaaffaan Yihudootaaf hayyoota gugurdoo te'aneeranutti, Yohaannisiin ilmi Zakaariyaasii goomolee keessa jiruun dubbiin Waaqaa itti dhutte. \v 3 Yohaannis adaala biyya Yordaanosii duudii keessa ideemee, «Cubbuu teessan irraa deebi'aatii cuuphama'a; Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhee lallabe. \v 4 Isaayaasiin raagichi marroo Yohaannisiitiif, «Nami tokko goomolee keessatti, ‹Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a! \p \v 5 «‹Baleen martinuu guutantuu ti, koobii fi gaarri martinuu diriiruu ti. Karaan daddabaan qajeelee, daandiin kattattaan wol qixxoottuu ti. \v 6 Nami duudiin fayyisiisa Waaqaa hin dhagga› » jedhee barreesseera. \p \v 7 Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamiisaaf gara isaa dhutteen, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime? \v 8 Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha'a. Abbaan keenna Abrahaam jedhiisatti hin ka'ina'a. Waaqi dhakoota kana keessaa fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima. \v 9 Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera. Muki midhaan dansaa hin buunne maraa muramee ibiddatti hin gatama» jedhe. \v 10 Jennaan kolbaan, «Yoona nuuti maan tolchinu ree?» jettee Yohaannis gaafatte \v 11 Inni deebisee, «Nami uffana lamaan qabu ka womaa hin qanneef kennuu ti; ka sagalee qabulle worra hin qanne woliin qoodamuu ti» jedhe. \v 12 Worri qaraxa guuranu cuuphamiisaaf dhufanee, «Barsiisa'a, nuuti maan tolchinu?» jedhanee isa gaafatane. \v 13 Yohaannis isaaniin, «Ka seeraan murame caalchittanee hin guurina'a» jedhe \v 14 Loltooti gariin, «Nuuti hore? Maan goona?» jedhanee isa gaafatane. Innille isaaniin, «Hunnaan namuu irraa beesee hin guurina'a, eennulle dharaan hin himatina'a, mindaan keessan isiniif gewuu ti» jedhe. \v 15 Kolbaan hedduun dhufa Kiristoosii eegiisatti waan jirtuuf, «Yohaannis Masiihii\f + \fr 3:15\fr*\fqa Masiihii: \fqa*\ft Kiristoos\ft*\f* te'innaa?» jettee mante. \v 16 Yohaannis, «Ani amma bisaaniin isin cuupha, ka na caalu ammoo na duubaan dhufaara. Ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille nama te'uu moti. Inni Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. \v 17 Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf wobanee\f + \fr 3:17\fr*\fqa Wobanee: \fqa*\ft Wobansaa yookiin horooroo ittiin hafarsu\ft*\f* harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; huura ammoo ibidda hin dhaanneen guba» jedhe. \v 18 Yohaannis karaa adda addaa heddu'uun gorsa isaaniif kennaa, Oduu Gammadaa isaanitti lallabe. \v 19 Heroodisiin bulchaan, Heroodiyaas niitii obboleessa ifii fuudhee, waan badduu hedduu dhibiille waan hujeeruuf Yohaannis isa xixe.\x - \xo 3:19-20 \xo*\xt Mat. 6:17-18\xt*\x* \v 20 Heroodis waan badduu ittuma dabalee, Yohaannis mana hidha'aatitti galche. \s1 Cuuphamiisa Yesuusii \p \v 21 Kolbaan mara cuuphanteen duuba Yesuusille cuuphame. Adoo inni daadimatiisatti jiruu ol-gubbaan banantee, \v 22 Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'e. Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya jaalatama'a. Ani si'itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage'ante. \s1 Hidda Dhaloota Yesuusii \r (Mat. 1:1-17) \p \v 23 Yesuus yennaa hujii jalqabu, dhalatee gara woggaa soddomaa ti. Kolbaan, ilma Yoseefii Eli'ii isa seete. \v 24 Eliin ka Maataa'aa, Maataan ka Lewwi'ii, Lewwiin ka Malki'ii, Malkiin ka Yaanaayii, Yaanaayii ka Yoseefii, \v 25 Yoseef ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Amosii, Amos ka Naahomii, Naahom ka Eslii, Esliin ka Naagee, \v 26 Naageen ka Maa'aatii, Maa'aat ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Seeme'ii, Seeme'i ka Yoose'ee, Yooseen ka Yooda'aa, \v 27 Yoodaan ka Yo'anaanii, Yo'anaan ka Resaa, Resaan ka Zarubaabelii, Zarubaabel ka Salaati'elii, Salaati'el ka Neerii \v 28 Neeri ka Melkii, Melkiin ka Adii, Adiin ka Qosaamii, Qosaam ka Elmaadaamii, Elmaadaam ka Eerii, \v 29 Eer ka Yoshu'aa, Yoshu'aan ka Elii'ezaarii, Elii'ezaar ka Yoraamii, Yoraam ka Maataatii, Maataat ka Lewwii, \v 30 Lewwiin ka Simi'oonii, Simi'oon ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yoseefii, Yoseef ka Yoonaamii, Yoonaam ka Eliyaaqimii, \v 31 Eliyaaqim ka Meleyaa, Meleyaan ka Maayinaanii, Maayinaan ka Maaxaataa, Maaxaataan ka Naataanii, Naataan ka Daawitii, \v 32 Daawiti ka Iseyii, Isey ka Yoobeedii, Yoobeed ka Bo'azii, Bo'az ka Salmoonii, Salmoon ka Nahasoonii, \v 33 Nahasoon ka Aminaadaabii, Aminaadaab ka Aaramii, Aaram ka Arnii, Arni ka Hesromii, Hesrom ka Faaresii, Faares ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yaaqoobii, \v 34 Yaaqoob ka Yisihaqii, Yisihaq ka Abrahaamii, Abrahaam ka Taara'aa, Taaraan ka Naahorii, Naahor ka Seruugii, \v 35 Seruug ka Raagaawuu, Raagaawu ka Felegii, Feleg ka Ebeerii, Ebeer ka Shala'aa, Shalaan ka Qayinaanii, \v 36 Qayinaan ka Arfaaksaadii, Arfaaksaad ka Seemii, Seem ka Nohii, Nohi ka Laamekii, Laamek ka Matusaala'aa, \v 37 Matusaalaan ka Heenokii, Heenoki ka Yaaredii, Yaared ka Mahalalelii, Mahalalel ka Qayinaanii, Qayinaan ka Enoshii, \v 38 Enoshi ka Sheetii, Sheeti ka Addaamii, Addaam ka Waaqaa ti. \c 4 \s1 Ataabamuu Yesuusii \r (Mat. 4:1-11; Mar. 1:12,13) \p \v 1 Yesuus Ayyaana Woyyichaan guutamee laga Yordaanosiitii yennaa deebi'e, Ayyaanni gara goomole'ee isa geesse. \v 2 Achitti guyyaa afurtama Seexanaan ataabame. Guyyoota san inni womaa hin nyaanne; tanaaf dhuma guyyoota saniititti inni beelowe. \v 3 Seexanni isaan, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji» jedhe. \v 4 Yesuus deebisee, «Barreeffam woyyichi, ‹Nami sagalee calla'aan hin le'u› jedha» jedhe. \v 5 Achiin duuba Seexanni gara addee ol aantuu gubbaa isa geessee, yoosuma mootummaa biyya lafaa irra jirtu mara itti mudhise. \v 6 Seexanni Yesuusiin, «Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maraa waan naaf kennameeruuf, ani ka jaaladheef kennuu hin dande'a. \v 7 Maarre yoo naaf sagadde, kun maraa keeti te'a» jedheen. \v 8 Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keetiif sagadi; isa calla'aafille tajaajili!› jedha» jedheen. \v 9-11 Achiin duuba Seexanni gara Yerusaalemii isa geessee, guutuu Galma Waaqaa gubba'atti dhaabbachiisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Waaqi ergantoota ifii akka si eeganuuf hin ajaja. Isaanille miila keeti dhakaan akka hin miine harka ifiitiin ol si hin qaban› waan jedhuuf, ati Ilma Waaqaa yoo teete, asi gubba'aa ifi gad darbi» isaan jedhe. \v 12 Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin› jedha» jedheen. \v 13 Seexanni karaa maraan isa ataabeen duuba haga yenna'aatiif isa biraa deeme. \s1 Yesuus Galiila'atti Hujii Jalqabe \r (Mat. 4:12-17; Mar. 1:14,15) \p \v 14 Achiin duuba Yesuus hunna Ayyaana Woyyichaatiin gara Galiila'aa deebi'e. Gurri isaa adaala san maratti odeeffame. \v 15 Inni manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisee, nami marti isa galateesse. \s1 Yesuus Naaziretitti Tuffatame \r (Mat. 13:53-58; Mar. 6:1-6) \p \v 16 Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka'e, \v 17 kitaaba Isaayaasii raagichaa itti kennane. Maraa kitaaba sanii diigee, \q1 \v 18 «Ayyaanni Gootta'aa ana irra jira, \q2 worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka himuuf na muudeera. \q1 Worra booji'ameef bilisummaa akka lassuuf, \q2 worra ballaa akka dhaggisiisuuf, \q2 worra miicame akka baasuuf, \q2 \v 19 woggaa Goottaan kolbaa ifii fayyisulle \q2 akka lassuuf na ergeera» dubbiin jettu addee itti barreeffanteertu dhagge. \p \v 20 Yesuus kitaaba san maree, namicha eegutti kennee tee'e. Kolbaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa san keessa jirtu marti adoo ila irraa hin caffatin isa ilaalte. \v 21 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Akkuma dubbifamuun dhageettane, Barreeffam Woyyichi kun adha muummowe» jedhe. \v 22 Isaan martinuu marroo isaa waan dansaa dubbatanee, dubbii maso'oo ta inni dubbate baaseffatanee, «Inni ilma Yoseefiitii motii?» jedhane. \v 23 Yesuus isaaniin, «Isin dhugumaan mammaassa, ‹Cidheessa, dursii ifi fayyis!› jedhu natti hin mammaattan. Waan qachaa Qifirnaahoomiititti tolchitelle, ta nuuti dhageenne as qachaa keeti keessattille tolchi hin jettan» jedhe. \v 24 Itti dabaleelle, «Ani dhugumaan isinitti hima, raagaan tokko biyya ifiititti fudhatama hin qabu. \v 25 Dhugumaan, bara Eliyaasii raagichaatitti woggaa sadii fi ji'a jaan bokkeenni dhabamee, lafa san duudii keessatti beelti hantuun yennaa galte, biyya Israa'elii keessatti haadhotiin hiyyeessaa hedduun jirti. \v 26 Eliyaas ammoo gara haadha hiyyeessaa ta biyya Sidoonii keessatti qachaa Saraaphta'aa keessa leetuu takka malee, gara dhibii gara nama tokkoolle hin erganne. \v 27 Akkasuma bara Elsaa'ii raagichaatitti kolbaan hedduun ta dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibanteertu jirti; ammoo, isaan keessaa Na'amaanii namicha biyya Sooriya'aa malee, nami tokkolle hin fayyine» jedhe. \v 28 Worri mana waaqonfannaa Yihudootaa keessa jiranu martinuu yennaa kana dhage'ane, akka malee aarane. \v 29 Isaan ol ka'anee, Yesuus qachaa keessaa harkisanee baasanee qile'etti gad qolaansiisaaf barbaadanee, gara ededa gooroo qachaan isaanii irratti ijaarameeruutitti isa geessane. \v 30 Inni ammoo isaanuma oddu'uun dabaree kara'atti bayee deeme. \s1 Namicha Ayyaana Hama'aan Qabameeru Tokko \r (Mar. 1:21-28) \p \v 31 Achiin duuba Yesuus gara qachaa Qifirnaahoomii, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu tokko dhaqee, guyyaa Sanbataa kolbaa barsiise. \v 32 Waan inni baalli'iin barsiiseef, isaan martinuu barsiisiisa isaa baaseffatane. \v 33 Namichi Ayyaana hama'aan qabameeru tokko mana waaqonfannaa Yihudoota keessa jiraayyu. Inni qoonqoo guddo'oon, \v 34 «Eeyyaa! Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu keeti hin beeka! Ati Woyyicha Waaqaa ti» jedhee iyye. \p \v 35 Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! Keessalle'ee bayi!» jedhee xixe. Ayyaanni hamaan sun fuula isaanii duratti namicha gad jissee, womaa adoo isa hin miidhin keessaa baye. \p \v 36 Kolbaan martinuu baaseffatee, «Dubbiin akkasii tun maan? Ayyaanota hamootalle baalli'ii fi hunnaan xixa; isaanille isaaf hin ajajaman» wol woliin jette. \v 37 Gurri Yesuusii adaala biyya sanii maratti dhage'ame. \s1 Yesuus Worra Dhibamaa Hedduu Fayyise \r (Mat. 8:14-17; Mar. 1:29-34) \p \v 38 Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii bayee gara mana Simoonii dhaqe. Haati sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isu jaba'aan dhibanteertiiyyu; isaanille akka inni isii gargaaruuf itti himane. \v 39 Maarre Yesuus itti dhikaatee cinaa isi'ii dhaabbatee, dhukkuba nafa o'isu san xixee, dhibeen isii lakkitte. Yennuma san ol kaatee isaanii areerte\f + \fr 4:39\fr*\fqa Areerte: \fqa*\ft Yookiin keessummeessite\ft*\f*. \v 40 Yennaa aduun seente, worra dhukkuba adda addaatiin dhibamane maraa gara Yesuusii fidane. Inni isaan mara irra harka ifii keyee fayyise. \v 41 Durriisotille Yesuusiin, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhaa kolbaa hedduu keessaa iyyaa bayane. Ammoo waan isaan akka inni Kiristoos te'e beekaneef, xixee dubbatiisa isaan dhoogge. \s1 Yesuus Manoota Waaqonfannaa Yihudootaa Keessatti Lallabe \r (Mar. 1:35-39) \p \v 42 Yennaa latti bariite Yesuus achii bayee, gara addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan isa barbaadiisa kaatee, yennaa dhaggite, akka inni isaan lakkisee hin deemne dhooggiisaaf wodhaante. \v 43 Inni ammoo isaaniin, «Ani Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa qachoota dhibiille'etti lallabu'uu male; ani akka tana hujuuf ergame» jedhe. \v 44 Maarre inni manoota waaqonfannaa Yihudootaa ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu keessatti lallabiisa itti fufe. \c 5 \s1 Yesuus Barattoota Jalqabaa Waame \r (Mat. 4:18-22; Mar. 1:16-20) \p \v 1 Gaafa tokko Yesuus qarqara abbaayaa Genesaarexii\f + \fr 5:1\fr*\fqa Abbaayaa Genesaarexii: \fqa*\ft Abbaayaa Galiila'aa\ft*\f* dhaabbateeruun, kolbaan dubbii Waaqaa dhage'iisaaf gara isaa wol dadarbite. \v 2 Inni hoboloota lamaan qarqara abbaaya'aatitti dhagge; worri qurxummii guuru hoboloota achitti lakkisee caccoota dhiqatiisatti jiraayyu. \v 3 Yesuus hoboloota san keessaa gara takkatti'ii, ta Simoonii seenee, akka inni qarqara abbaayaa irraa diqqoo gara keessaa hiissu isa gaafate. Achiin duuba Yesuus hoboloo keessa tee'ee gumii barsiise.\x - \xo 5:3 \xo*\xt Mat. 13:1-2; Mar. 3:9-10; 4:1\xt*\x* \v 4 Yennaa dubbii ifii fixate, Simooniin, «Gara ila bisaanii hoboloo hiissiitii, qurxummii qabiisaaf caccoota teessan gad buusa'a» jedhe. \v 5 Simoonille, «Barsiisa'a, eda halkan duudii guddoo itti dadhabaa bulle, ammoo womaa hin qabanne. Amma ammoo, yoo ati jette ani caccoota hin buusa» jedheen. \v 6 Isaan caccoota buusanee, haga caccooti isaanii tarsa'iisa geettutti qurxummii hedduu qabatane.\x - \xo 5:6 \xo*\xt Yoh. 21:6\xt*\x* \v 7 Isaan lansooti isaanii ka hoboloo dhibii keessa jiranu dhufanee akka isaan gargaaranuuf haatatane\f + \fr 5:7\fr*\fqa Haatatane: \fqa*\ft Harkaan, ilaan, mataa raasiisaan waamane\ft*\f*. Isaanille dhufanee hobolooti lamaanuu haga gad lixiisa geettutti qurxummi'iin akka malee guutane. \v 8 Simoon Pheexroos waan te'e kana yennaa dhagge, fuula Yesuusii duratti jilbiiffatee, «Goottaa kiyya ani cubbichaa, natti hin dhikaatin!» jedhe. \v 9 Simoonii fi worri isa woliin jiranu maraa qurxummii hedduu waan guurataneef akka malee baaseffatane. \v 10 Akkuma worra kaanii, lansoota Simoonii ka te'ane, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisille baaseffatane. Yesuus Simooniin, «Hin sodaatin! Haganaa achi kolbaa guurta» jedhe. \v 11 Isaan hoboloota harkisanee qarqaratti baasanee, waan mara lakkisanee Yesuus hordofane. \s1 Yesuus Namicha Tokko Fayyise \r (Mat. 8:1-4; Mar. 1:40-45) \p \v 12 Gaafa tokko Yesuus qachaa tokko keessa adoo jiruu, namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru ka achi jiru tokko, yennaa isa dhagge, Yesuus duratti gad jigee, «Ee Goottaa, yoo fedha keeti te'e na fayyisi\f + \fr 5:12\fr*\fqa Fayyisi: \fqa*\ft Qulleessi\ft*\f*» jedhee kadhate. \v 13 Yesuus harka ifii diriirfatee, isa qabee, «Hin fedha fayyi» jedhe. Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkise. \v 14 Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee seere. \v 15 Gurri Yesuusii ammoo addee maratti dhage'amee, gumiin guddoon isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifii irralle'ee fayyiisaaf gara isaa dhutte. \v 16 Inni ammoo yennaa hedduu addee qoommi'ii dhaqaa daadimate. \s1 Yesuus Namicha Laashoweeru Tokko Fayyise \r (Mat. 9:1-8; Mar. 2:1-12) \p \v 17 Gaafa tokko Yennaa Yesuus barsiisu, Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, olloota Galiila'aa fi Yihudaa keessatti dhaggamanu mara keessaa, Yerusaalemille'ee dhufaneeranu achi tetee'aneeran. Yesuus worra dhibamane akka fayyisuuf, hunni Gootta'aa isa woliin jirtiiyyu. \v 18 Jarri tokko namicha laashoweeru tokko rare'een ba'atanee dhufanee, gara manaa seensisanee fuula Yesuusii dura keyiisaaf wodhaanane. \v 19 Ammoo waan kolbaan heddatteef, karaa seensisanu dhabanee, mana gubbaa yaabanee, heellichoo manaa saaqanee, rare'eenuu woliin kolbaa oddu'utti, fuula Yesuusii duratti gad buusane\f + \fr 5:19\fr*\ft Ijaarsi mana Yihudootaa keenna irraa waan goruuf heellichoo manaa saaqanee deebisu'uuf hin dande'an\ft*\f*. \v 20 Yesuus dhugeeffannaa isaanii yennaa dhagge, namichaan, «Abboo, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe. \v 21 Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti, «Namichi Waaqa faanshessu kun eennu inni? Waaqa tokkocha malee eentu cubbuu namaaf araaramiisaaf dande'a?» jedhaa yaadatane. \v 22 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana gadhaa keessan keessatti yaadattan? \v 23 ‹Cubbuu teeti maraaf araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii ideem› jechu'utti kaso'o? \v 24 Amma ammoo ani Ilmi Namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Raree teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi!» jedhe. \v 25 Yennuma san namichi fuula isaanii duratti ol ka'ee, itillee irra irkataa ture fudhatee, Waaqa galateeffataa gara mana ifii deeme. \v 26 Isaan martinuu akka malee baaseffatanee, guddoo sodaatanee, «Adha baasa guddaa dhaggine!» jedhaa Waaqa galateeffatane. \s1 Yesuus Lewwii Waame \r (Mat. 9:9-13; Mar. 2:13-17) \p \v 27 Kanaan duuba, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Lewwii jedhamu tokko, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. \v 28 Lewwiin ol ka'ee, waan mara lakkisee, isa hordofe. \v 29 Achiin duuba Lewwiin mana ifiititti, areertii guddoo Yesuusiif qopheesse. Worri qaraxa guuru heddu'uu fi worri dhibiille isaan woliin areeratiisaaf tetee'aneeran. \v 30 Fariisaayotii fi worri golii isaanii te'ane barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, «Isin worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaattan? Maaf untan?» jedhanee barattoota Yesuusiititti gungumane. \v 31 Yesuus deebisee, «Worra fayyaa hin qanneef malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu. \v 32 Ani cubbaaleyyii gara cubbuu irraa deebi'iisaa waamiisaaf malee, balchootaaf hin dhunne» isaaniin jedhe. \s1 Gaaffii Marroo Laamiisaa \r (Mat. 9:14-17; Mar. 2:18-22) \p \v 33 Namooti gariin Yesuusiin, «Barattooti Yohaannisii yennaa hedduu laamaa daadimatan. Barattooti fariisaayotaalle akkasuma tolchan, barattooti teeti ammoo hin nyaatanii, hin unan» jedhane. \v 34 Yesuus deebisee, «Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame\f + \fr 5:34\fr*\fqa Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame: \fqa*\ft Hiikkaan gariin jaaloti jedha\ft*\f* adoo waajibichi isaan woliin jiruu, akka laamu isin hin tolchitanii? Hin tolchitanu! \v 35 Yennaan waajibichi isaan biraa fudhatamu ammoo hin dhutti. Isaan yennaa san laaman» isaaniin jedhe. \v 36 Yesuus itti aansee, mammaassalle itti mammaakee, «Eennulle woyaa haareya tarsaasee woyaa dullatti'itti hin erbu. Yoo akkana tolche, woyaa haareya san hin tarsaasa. Erbeen woyaa haareyaa woyaa dullatti'iin wol hin fuutu. \v 37 Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu. Yoo akkana tolche, daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada. \v 38 Tanaaf daadhiin hin bayiin qalqalluu haareyatti naqamu'uu malte! \v 39 Nami daadhii woyni'ii ta baate uneen duuba ta hin bayiin uniisaaf barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ta baate woyya› jedha» jedhe. \c 6 \s1 Gaaffii Marroo Guyyaa Sanbataa \r (Mat. 12:1-8; Mar. 2:23-28) \p \v 1 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa mataa qamadi'ii kukkutanee, harkaan sukkuumatanee, nyaatane. \v 2 Fariisaayoti gariin, «Isin waan Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin hin tolchina'a jedhu, maaf tolchitan?» jedhanee gaafatane. \v 3 Yesuus deebisee, «Daawitii fi worri isa woliin jiranu yennaa beelowane, waan inni tolche isin hin dubbinnee? \v 4 Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqa dura dhikaattu, ta silaa hayyoota malee nami tokkolle akka hin nyaanne Seerri dhooggu fuudhee nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» jedheen. \v 5 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ilmi Namaa Goottaa Sanbataa ti» jedhe. \s1 Yesuus Namicha Harka Laashoweeru Tokko Fayyise \r (Mat. 12:9-14; 3:1-6) \p \v 6 Guyyaa Sanbata dhibi'ii Yesuus gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee barsiise. Namichi harka middicha laashoweeru tokko achi jira. \v 7 Barsiisoti Seera Muuse'eetii\f + \fr 6:7 \fr*\fqa Barsiisoti Seera Muuse'ee: \fqa*\ft Hiikkaan gariin barreessitoota qofa jedha.\ft*\f* fi Fariisaayoti gariin sababa Yesuus ittiin himatanu barbaadanee, akka inni guyyaa Sanbataatiin namicha fayyisu gaadane. \v 8 Yesuus ammoo yaada isaanii beekee namicha harka laashoweeruun, «Ol ka'i, fuula nama maraa dura dhaabbadhu!» jedhe. Jennaan namichi ol ka'ee achi dhaabbate. \v 9 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ani isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin maan akka tolchinu nu ajaja? Dansaa moo hamaa tolchuu? Lubbuu namaa fayyisuu moo balleessuu?» jedhe. \v 10 Yesuus adaala isaanii mara ilaaleen duuba, «Namichaan harka keeti diriirfadhu» jedhe. Jennaan, inni harka diriirfatee, harki isaa deebi'ee fayye. \v 11 Isaan akka malee aaranee Yesuus maan akka tolchanu mari'atane. \s1 Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Filate \r (Mat. 10:1-4; Mar. 3:13-19) \p \v 12 Gaafa tokko Yesuus gara gaaraa ol bayee halkan san duudii Waaqa daadimataa bule. \v 13 Yennaa latti bariite barattoota ifii gara ifii waamee, isaan keessaa worra kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase. \v 14 Isaanille, Simoon ka inni Pheexroos jedhee moggaase, Indiryaasii obboleessa Pheexroosii, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewoos, \v 15 Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoon ka, «Hinaatticha» jedhamee beekkame, \v 16 Yihudaa ilma Yaaqoobiitii fi Yihudaa nama biyya keriyootii, ka Yesuus dabarsee kenne fa'a. \s1 Barsiisiisaa Fi Dhibamaa Fayyisiisa Yesuusii \r (Mat. 4:23-25) \p \v 17 Yesuus ergantoota woliin gaara irraa yennaa gad bu'e, barattoota ifii worra laakkossaan heddu'uu tokko woliin addee dirree takka dhaabbate. Gumiin hedduun ta Yihudaa keessaa mara, Yerusaalem keessaa, qachoota cinaa abbaayaa Xiiroosiitii fi Sidoon keessalle'ee achi jirti; \v 18 isaan isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifiille fayyiisaaf dhufane. Worri ayyaana hama'aan rakkatanelle fayyane. \v 19 Hunni fayyittu isa irraa bayaa isaan mara waan fayyisiisatti jirtuuf, kolbaan marti harka ifiitiin isa tuqiisaaf wodhaante. \s1 Gammadaa Fi Gadda \r (Mat. 5:1-12) \p \v 20 Ahiin duuba Yesuus barattoota ifii ilaalee, \q1 «Isin worri amma hiyyeeyyiin gammada'a\f + \fr 6:20\fr*\fqa Gammada'a: \fqa*\ft Ka badhaatane, ka eebbifantane\ft*\f*; \q2 mootummaan Waaqaa teessan! \q1 \v 21 Isin worri amma beelottanu gammada'a; \q2 hin quuttan! \q1 Isin worri amma boottanu gammada'a; \q2 hin kollitan! \p \v 22 «Sababa Ilma Namaatiif, yennaa kolbaan isin jibbitee, isin fojjee, isin arrassitee gurra isin balleessite, gammada'a!\x - \xo 6:22 \xo*\xt 1 Phex. 4:14\xt*\x* \v 23 Gatii guddoo ol-gubba'atti waan qaddanuuf yennaa wonni kun teete gammadaan burraaqa'a. Abbootiin isaaniille raagota akkasuma tolchite. \q1 \v 24 «Isin worra amma dureeyyi'iif aanne'e; \q2 ka isin gewu fudhattaneertan\f + \fr 6:24\fr*\fqa Ka isin gewu fudhattaneertan: \fqa*\ft Biyya lafaatittuu gammaddaneertan, qananootaneertan\ft*\f*! \q1 \v 25 Isin worra amma quuttaneef aanne'e; \q2 hin beelottan! \q1 Isin worra amma kolluuf aanne'e; \q2 gadditanee hin boottan! \p \v 26 «Yennaa kolbaan marti isin saadde isiniif aanne'e; abbootiin isaaniille raagota dharaa akkasuma tolchite. \s1 Diinota Jaalachuu \r (Mat. 5:38-48; 7:12) \p \v 27 «Ani ammoo isin worra na dhageettanuuf hima: Diina keessan jaaladha'a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha'a. \v 28 Worra isin abaaru eebbisa'a, worra isin yakkulle'eef daadimadha'a! \v 29 Yoo nami boqoo takkaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi; yoo nami kootii teeti fudhate, shaamisiille hin dhooggatin! \v 30 Nama si kadhatu maraaf kenni, nami tokko yoo waan keeti fudhate, akka inni si'iif deebisu hin gaafatin. \v 31 Waan namooti dhibiin akka isinii godhanuuf barbaaddanu isinille isaaniif godha'a. \p \v 32 «Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu worruma isaan jaalatu jaalatan. \v 33 Worra waan dansaa isinii godhu calla'aaf yoo dansaa gootane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu akkuma san godhan. \v 34 Worra akka isinii deebisu addattanu calla'aaf yoo liqeessitane, eebba maan dhaggatan ree? Waan liqeessane san deebi'anee fudhatiisaaf, cubbaaleyyiinuu cubbaaleyyi'iif hin liqeessan. \v 35 Isin ammoo diinota keessan jaaladha'a, waan dansaalle isaaniif godha'a. Nu'uuf deebisan jettanee adoo hin yaadin liqeessa'a. Tana yoo gootane gatii guddoo hin dhaggattan, ijoollee Waaqa Ol Aana'aalle hin teetan. Inni worra galata hin qannee fi dabaaleyyi'iifille arja'a. \v 36 Abbaan keessan ka ol-gubba'aa ka namaaf mararu akka te'e, isinille namaaf marara'a. \s1 Namatti Muriisa \r (Mat. 7:1-5) \p \v 37 «Namatti hin murina'a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina'a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama'a, Waaqille isiniif hin araarama. \v 38 Namaaf kenna'a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa'aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi'iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe. \v 39 Yesuus ittille mammaakee, «Ballaan ballaa sooressiisaaf hin dande'a? Yoo sooresse, isaan lamaanuu bowwaa bu'an. \v 40 Barataan tokko barsiisaa hin caalu; ammoo nami leenjii guutuu fudhate maraa, akka barsiisaa ifii hin te'a. \p \v 41 «Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta? Jigeessa ila teeti keessa jiru ammoo maaf hin hubanne? \v 42 Jigeessa ila teeti keessa jiruu adoo hin dhaggin, attamiin obboleessa keetiin, ‹Obboleessa kiyya, huura ila teeti keessa jiru san sii fuudha› jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu, achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta» jedhe. \s1 Muki Midhaan Ifiitiin Beekkama \r (Mat. 7:16-20; 12:33-35) \p \v 43 «Muki dansaan midhaan hamaa hin buusu, muki hamaalle midhaan dansaa hin buusu. \v 44 Muki martinuu midhaan buusuun beekkama; midhaan harru'uu waaccuu irraa yookiin midhaan woyni'ii kom'olcha irraa hin guuranu. \v 45 Nami dansaan dansummaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle hammeenna gadhaa ifii keessaa waan hamaa baasa. Waan gadhaa guute afaan dubbata. \s1 Namoota Mana Ijaaranu Lamaan \r (Mat. 7:24-27) \p \v 46 «Waan Ani isinitti himu adoo hin tolchin, maaf, ‹Goottaa, Goottaa› jedhaa na waantan. \v 47 Nami gara kiyya dhufu, ka dubbii tiyyalle dhage'ee hujii irra oolchu, eennu akka fakkaatu Ani isinitti mudhisa. \v 48 Inni nama mana ifii rassaa irratti gad fageessee qotee ijaarrate tokko fakkaata. Yennaa lolaan itti lola'ee mana san darbe ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf, tachoosuu hin dandeenne. \v 49 Nami dubbii tiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, nama hundee mana ifii adoo gad fageessee hin dhaabin ijaarrate fakkaata. Lolaan dhufee mana san yennaa darbe, takkumaan jigee, akka malee butute» jedhe. \c 7 \s1 Yesuus Tajaajilaa Ajajaa Dhibbaa Fayyise \r (Mat. 8:5-13) \p \v 1 Yesuus waan san mara kolba'aan jedheen duuba, gara Qifirnaahoomii deeme. \v 2 Ajajaan dhibbaa ka worra Rooma'aa tokko achi jiraayyu; tajaajilaan inni guddoo jaalatu akka malee dhibamee du'iisaaf dhikaateeraayyu. \v 3 Ajajaan dhibbaa gurra Yesuusii yennaa dhage'e, akka inni dhufee tajaajilaa isaa fayyisuuf maanguddooti Yihudootaa gariin akka isa gaafattu itti erge. \v 4 Isaan gara Yesuusii dhufanee, «Nami kun dhugumaan qarqaarsa keeti dhaggachuu qaba. \v 5 Inni kolbaa teenna jaalata, Mana Waaqonfannaa Yihudootaalle nu'uuf ijaareera» jedhaa jabeessanee kadhatane. \v 6 Maarre Yesuus isaan woliin dhaqee, Yennaa gara manaa dhikaate ajajaan dhibbaa jaalota ifii itti ergee, «Goottaa kiyya, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti! Ifi hin rakkisin; \v 7 maaf jennaan, ani nama gara keeti dhufiisaaf malee moti. Ammoo afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. \v 8 Anille nama baallii ol aantuu qabu jala nama jiru, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa nama tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innille hin deema; ka dhibi'iin ‹Koy› yoo jedhe, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyalle'een, ‹Kana huji› yoo jedhe hin huja» jedhe. \v 9 Yesuus tana yennaa dhage'e baaseffatee gara worra isa hordofuu midhatee, «Ani isinitti hima, dhugeeffannaa guddoo akkasii Israa'el keessalle'etti ijjumaa hin dhaggine» isaaniin jedhe. \v 10 Worri ergamanelle gara mana ajajaa dhibbaa deebi'anee yennaa dhufane tajaajilaan isaa fayyeeruun dhaggane. \s1 Yesuus Ilma Haadha Hiyyeessaa Tokko Du'aa Kaase \p \v 11 Eega san adoo hin turin, Yesuus gara qachaa Naayin jedhamuu tokko dhaqe; barattooti isaatii fi gumiin guddoolle isa woliin deemane. \v 12 Yennaa Yesuus seensuma karra qacha'aa bira geye, namooti reeffa ba'ataneeranu itti dhufane. Nami du'eeru sun haadha hiyyeessaa takkaaf ilma tokkocha. Gumiin guddoon qachaa sanii isii woliin jirti. \v 13 Goottaan yennaa isii dhagge, nayeefii, «Hin bowin» jedheen. \v 14 Itti hiiqeelle raree reeffaan ba'ataneeranu harkaan tuqe. Worri reeffa ba'ateerulle dhaabbate; Yesuus, «Dargaggeessa! Ani si'iin jedha ka'i!» jedhe. \v 15 Dargaggeessi du'e sun ol ka'ee tee'ee dubbatiisa jalqabe. Achiin duuba Yesuus deebisee haadhaaf isa kenne. \v 16 Isaan martinuu sodaatanee, «Raagaan guddaan nu'uma keessaa ka'eera; Waaqi kolbaa ifii fayyisu'uuf dhufeera» jedhanee Waaqa galateeffatane. \v 17 Gurri Yesuusii biyya Yihuda'aa maraa fi adaala biyya sanii maratti dhage'ame. \s1 Worra Yohaannisiin Cuuphaan Erge \r (Mat. 11:2-19) \p \v 18 Barattooti Yohaannisii waan kana mara yennaa isatti himane, Yohaannis barattoota ifii keessaa lamaan waamee, \v 19 «Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?» jedhee, akka Goottaa gaafatanuuf erge. \v 20 Worri ergamane yennaa gara Yesuusii dhufane, «Yohaannisiin cuuphaan, ‹Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?› jedhee gara keeti nu ergeera» jedhaneen. \v 21 Yennuma san Yesuus kolbaa hedduu dhibee irraa, dhukkuba adda addaa irraa, ayyaanota hamoota irraa fayyisee, worra ila balla'aa hedduulle ila bane. \v 22 Ergantoota Yohaannisiitille'een, «Deebi'aatii, waan dhaggitanee fi waan dhageettane Yohaannisitti hima'a! Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaa hiyyeeyyi'iif hin lallabanti. \v 23 Nami mamee anaan hin gufanne\f + \fr 7:23\fr*\fqa Anaan hin gufanne: \fqa*\ft Anatti addii hin kutanne\ft*\f* ka badhaadhe!» jedhe. \p \v 24 Ergantooti Yohaannisii deemaneeranuun duuba, Yesuus marroo Yohaannisii gumi'itti dubbatiisa jalqabee: «Maan ilaaliisaaf gara goomole'ee dhaxxane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu? \v 25 Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffata dansaa uffatee fi qananiin mana moototaatitti dhaggaman. \v 26 Natti hima'a, maan ilaaliisaaf baatane? Raaga'a moo? Eeti, ka Raagaa caalu dhaggitane. \v 27 Barreeffam Woyyichi marroo Yohaannisiitiif, ‹Ani ergamaa kiyya ka karaa keeti qopheessu si'iin dura erga› jedheera. \v 28 Ani isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannis caalu hin jiru. Ammoo mootummaa Waaqaa keessatti ka mara caalaa diqqaatu isa caala» jedhe. \p \v 29 Kolbaan martinuu, worri qaraxa guurulle adoo hin hafin, yennaa dubbii Yesuusii dhage'ane, waan harka Yohaannisiititti cuuphamaneeranuuf, Waaqaaf dhugaa galchane.\x - \xo 7:29-30 \xo*\xt Mat. 21:32; Luq. 3:12\xt*\x* \v 30 Fariisaayotii fi barsiisoti Seeraa ammoo, waan Waaqi isaanii yaadate tuffatanee, harka Yohaannisii cuupha'aatitti cuuphamuu didatane. \v 31 Yesuus itti dabalee, «Kolbaa bara kanaa tana maaniin wol fakkeessa? Isaan maan fakkaatan? \v 32 Isaan akka ijoollee dikkoo keessa teteettee, ‹Suusullee\f + \fr 7:32\fr*\fqa Suusullee: \fqa*\ft Ulullee\ft*\f* isinii afuunne, isin ammoo hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine; isin ammoo hin boonne› jedhaa wolitti woccu fakkaatan. \v 33 Yohaannisiin cuuphaan adoo sagalee hin nyaatin, daadhii woyni'iille hin unin dhufee jennaan, ‹Inni durriisa ifi keessaa qaba› jettane. \v 34 Ilmi Namaa ammoo, nyaataa unaa dhufee jennaan, ‹Nama kana ilaala'a! Inni gadhitoo, machowaa, jaala worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti› jettane. \v 35 Te'uu malee, qaruun Waaqaa worra isii fudhatu\f + \fr 7:35\fr*\fqa Worra isii fudhatu: \fqa*\ft Ijoollee isi'ii\ft*\f* maraan dhugaa akka teete mirkanootteerti» jedhe. \s1 Dubartiin Takka Yesuus Fiqiree Issite \p \v 36 Fariisaayichi tokko Yesuus akka isa woliin nyaatuuf waamee, Yesuus mana isaa dhaqee nyaatiisaaf tee'e. \v 37 Qachaa san keessa dubartii cubbaalettii takkatti jira. Maarre isiin akka inni mana Fariisaayichaatitti nyaatiisatti jiru dhageettee, fiqiree duloo albaasaaxarii irraa hojjatante guutuu fiddee, \v 38 Yesuusiin duuba miila isaa bira dhaabbattee, bowaa imimmaaniin miila isaa jiitte. Achiin duuba rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxoottee, sunqataa fiqiree issite. \v 39 Fariisaayichi yennaa tana dhagge, «Nami kun dhugumaan raagaa adoo te'ee, dubartiin isa qaqqaddu tun dubartii attamii akka teete hin beekaayyu; akka isiin cubbaaletti'ii hin beekaayyu» jedhee gadhaa ifiititti yaadate. \v 40 Yesuus isaan, «Simoon, ani waan si'itti himu qaba» jedhee dubbate. \p Innille «Barsiisa'a, Maan inni? Natti himi!» jedhe. \v 41 Namicha beesee liqeessu tokko irraa namooti lamaan ka beesee liqeeffataneeranu jiran. Tokkochi mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu\f + \fr 7:41\fr*\fqa Mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu: \fqa*\ft Dinaara dhibba shan\ft*\f* liqeeffatee, kuun mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu\f + \fr 7:41\fr*\ft Mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu: dinaara shantama\ft*\f* liqeeffate. \v 42 Isaan lamaanuu waan deebisanee kaffalanu dhabanee jennaan, inni akkasumaan isaaniif lakkise. Jara lamaan tana keessaa kamitti irra isa jaalata? \v 43 Simoon deebisee, «Ka liqaan guddaan isaa lakkifametti irra jaalata natti fakkaata» jedhe. \p Yesuus, «Dhugaa jette» jedheen. \v 44 Achiin duuba gara dubartitti'ii garagalee, Simooniin, «Dubartii tana dhaggitaa? Yennaa ani mana keeti dhufe ati bisaan miilaa naaf hin kennine. Isiin ammoo imimmaan ifiitiin miila kiyya dhixxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. \v 45 Ati sunqattee na hin fudhanne, isiin ammoo haga ani dhufee jalqaddee miila kiyya sunqatiisa hin lakkinne. \v 46 Ati mataa kiyya zayitii\f + \fr 7:46\fr*\fqa Zayitii: \fqa*\ft Akkuma Gujiin dhadhaa iffatu isaan zayitii iffatan\ft*\f* hin issine, isiin ammoo fiqiree gatii guddo'oo miila kiyya issite. \v 47 Maarre, ani si'iin jedha, jaalalli guddaan isiin mudhitte kun, cubbuu isi'ii heddu'uuf araarri akka kenname mirkaneessa. Nami araarri diqqaan kennameef ammoo, jaalala diqqaa callaa mudhisa» jedhe. \v 48 Achiin duuba Yesuus dubartitti'iin «Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe. \v 49 Worri dhibiin ka isa woliin nyaatiisatti jiranu gariin, «Ka araara cubbu'uu kennu kun, eennu inni?» wol woliin jedhane. \v 50 Yesuus ammoo dubartitti'iin, «Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe. \c 8 \s1 Dubartoota Yesuus Hordofane \p \v 1 Kanaan duuba adoo hin turin, Yesuus Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lassaa lallabaa qachootaa fi olloota keessa ideeme. Barattooti isaa kudhanii lamaanii, \v 2 fi dubartooti gariin ta ayyaana hama'aa fi dhukkuba irraa fayyanelle isa woliin jiraniiyyu. Isaan san keessalle'ee Maariyaamii Magdalaa ta jedhantu, ta durriisoti torba keessaa baafame, \v 3 Yo'anaa niitii Kuuzaa mana Heroodisii toowatuu, Susanaa fi dubartooti hedduun dhibiin ta karra ifiitiin Yesuusii fi barattoota isaa qarqaarane. \s1 Mammaassa Namicha Sanyii Facaasuu \r (Mat. 13:1-9; Mar. 4:1-9) \p \v 4 Yennaa gumiin hedduun qachaa adda addaatii Yesuus biratti wolitti qabante, inni itti mammaakee: \v 5 «Namichi tokko sanyii facaasiisaaf baye. Adoo inni facaasuu sanyiin gariin irga kara'aa buutee, irra ijjatante; sinbirrootille qocattee nyaate. \v 6 Sanyiin dhibiin lafa dhakittii irra buutee, yennaa mudhiisa jalqadde, biyyeen jiidha waan hin qanneef godde. \v 7 Sanyiin dhibiin qoree keessa buutee, qoreen woliin guddattee huute. \v 8 Sanyiin gariin biyyee dansaa keessa buute; lattee guddattee, tokkoon tokkoon isi'ii midhaan dachaa dhibba buutte» jedhe. \p Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, «Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!» jedhe. \s1 Mammaassi Maaf Akka Barbaachise \r (Mat. 13:10-17; Mar. 4:10-12) \p \v 9 Barattooti Yesuusii hiikkaa mammaassa kanaa isa gaafatane. \v 10 Inni deebisee, «Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti; worra kaaniif ammoo adoo ilaalanuu akka hin dhaggine, adoo dhagganuu akka hin hubanne, mammaassaan kennanti. \s1 Hiikkaa Mammaassa Namicha Sanyii Facaasuu \p \v 11 «Hiikkaan mammaassaa kunoo kana: Sanyiin dubbii Waaqaa ti. \v 12 Sanyiin karaa irga buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee, durriisi ammoo dhufee akka isaan dhugeeffatanee ittiin hin fayyine, dubbii san gadhaa isaanii keessaa fudhatu. \v 13 Sanyiin lafa dhakittii irra buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee gammadaan fudhatu. Ammoo hidda waan hin qanneef, yennaa qofaaf dhugeeffatan; yennaan haga ilaalichaa yoo dhutte ammoo hin jigan. \v 14 Sanyiin qoree keessa buute, worra dhage'u; akkuma bulanee oolanuun ammoo yaaddoon, karraa fi gammachuun jiruu lafa tanaa isaan huutee, midhaan isaanii ijjumaa hin sibu. \v 15 Sanyiin biyyee dansaa keessa buute, worra dubbii dhage'ee gadhaa qajeela'aa fi dansa'aan jabeessee qabatee, ciniinnatee ossiisaan midhaan buusu. \s1 Ifa Gonbisaa Jalaa \r (Mar. 4:21-25) \p \v 16 «Eennulle ifa issee, gonbisaa jala yookiin taqee jala hin keyu; worri gara manaa seenu akka ifa dhagguuf waan issaan irra keyamu irra keya. \p \v 17 «Wonni dhokate ka hin mudhanne hin jiru, wonni buqame ka hin beekkannee fi gara ifaa hin baane hin jiru. \v 18 Tanaaf akka itti dhageettanu ifi eeggadha'a! Ka qabuuf ede'antee kennanti, ka hin qanne ammoo wonni inni hin qaba jedhee yaadatu diqqoon sunuu irraa fudhatanti» jedhe. \s1 Haadhaa Fi Obboleeyyan Yesuusii \r (Mat. 12:46-50; Mar. 3:31-35) \p \v 19 Haatii fi obboleeyyan Yesuusii gara isaa dhufane; ammoo sababa gumi'iitiif isa bira geyiisa hin dadeenne. \v 20 Nami tokko Yesuusiin, «Haati teetii fi obboleeyyan teeti si dhaggiisaaf barbaadanee ala dhaabbatan» jedhe. \v 21 Yesuus ammoo deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra dubbii Waaqaa dhage'ee hujii irra oolchu» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Bubbee Cadhisiise \r (Mat. 8:23-27; Mar. 4:35-41) \p \v 22 Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii woliin hoboloo yaabee isaaniin, «Ka'aa gara abbaaya'aan gamaa buunaa» jedhe. Maarre isaan deemiisaaf ka'ane. \v 23 Adoo isaan hobolo'oon bu'iisatti jiranuu, Yesuus rafe. Dedhuma bubbeen gara abbaaya'aa gad bubbittee, hoboloon bisaaniin guutamiisa jalqaddee jennaan, buutoo hantuu afaan bu'ane. \v 24 Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Barsiisaa, barsiisaa! Kunoo dhumataarra!» jedhaneen. \p Inni dammaqee bubbe'ee fi danbalii xixe; bubbe'ee fi danbaliin bisaaniille cadhisanee, cadheessi guddaan te'e. \v 25 Achiin duuba inni barattootaan, «Dhugeeffannaan teessan meet?» jedheen. \p Isaan ammoo sodaatanee baaseffatanee, wol woliin, «Nami kun eennu? Inni bubbe'ee fi danbalii hin ajaja, isaanille isaaf hin ajajaman!» jedhane. \s1 Yesuus Namicha Durriisaan Qabameeru Tokko Fayyise \r (Mat. 8:28-34; Mar. 5:1-20) \p \v 26 Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa hobolo'oon bu'ane. \v 27 Akkuma Yesuus qarqara bisaaniititti bu'een, namichi qachaa sanii, ka durriisaan qabameeru tokko itti dhufe. Namichi kun yennaa hedduu woyaa hin uffatu, manalle hin le'u, ammoo yennaa hedduu goda awwaalaa keessa le'a. \v 28 Inni yennaa Yesuus dhagge, miila isaa duratti jigee, guddisee iyyee, «Ee Yesuus, Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe. \v 29 Waan Yesuus akka ayyaanni hamaan namicha keessaa bayu ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Yennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa eegamulle, hidhaa san kukkutaa, hunna ayyaana hama'aatiin gara goomole'ee oofamaa ture. \v 30 Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafannaan, durriisoti bacaan waan itti galaneeranuuf, inni deebisee, «Maqaan kiyya duula» jedhe. \v 31 Durriisoti gara bowwaa qile'ee akka isaan hin ergine Yesuus kadhatane. \v 32 Roga gooroo sanii gubbaa, booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre durriisoti gara booyyotaa akka galanuuf, Yesuus akka eeyyamu kadhatane; innille isaaniif eeyyame. \v 33 Durriisoti namicha keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante. \v 34 Worri booyyee tissanu yennaa waan te'e kana dhaggane, baqatanee worra qacha'aatii fi biyya saniititti odeessane. \v 35 Kolbaan waan te'e san dhaggiisaaf, yennaa gara Yesuusii dhutte, namichi durriisi keessaa baye woyaa uffatee qalbiin itti deebitee, miila Yesuusii bira tee'eeruun dhaggite martinuu sodaatte. \v 36 Namichi attam akka itti fayye worri dhaggane kolba'atti himane. \v 37 Achiin duuba kolbaan biyya Gergeesa'aa martinuu akka malee waan sodaatteef, Yesuus akka isaan lakkisee deemuuf gaafatte. Maarre Yesuus hoboloo yaabee achii deeme. \v 38 Namichi durriisoti keessaa bayane, «Si woliin deemuu?» jedhee Yesuus kadhate. \p Yesuus ammoo, \v 39 «Gara mana keetii deebi'ii, waan Waaqi si'iif godhe himi» jedhee isa erge. \p Namichi waan guddoo Yesuus isaaf godhe himaa, qachaa keessa deeme. \s1 Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartittii Woyaa Yesuusii Tuxxe \r (Mat. 9:18-26; Mar. 5:21-43) \p \v 40 Yennaa Yesuus gara abbaaya'aan gamaa deebi'e, isaan martinuu waan isa eegiisatti jiranuuf, kolbaan isa fudhatte. \v 41 Achiin duuba namichi Yaayiroos jedhamu, bulchaan mana Waaqonfannaa Yihudoota tokko dhufee, miila Yesuusii jalatti jigee akka inni gara mana isaa dhaquuf kadhate. \v 42 Sababille intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudhanii lamaa, du'iisa geetteertiiyyu. \p Adoo Yesuus dhaqiisaaf karaa irra jiruu, kolbaan gara maraan isa dhiphitte. \v 43 Dubartittiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi dhaabbatuu didee rakkataa turte takka achi jirti; waan qaddu maraa cidheeyyi'itti fixxe; eennulle ammoo isii fayyisu'uuf hin dandeenne. \v 44 Isiin duuba Yesuusiitiin dhuttee handaara woyaa isaa tuxxee, dhiigi isi'ii ka jigu yoosuma dhaabbate. \v 45 Yesuus, «Ka ana tuqe eennu?» jedhee gaafate. Nami martinuu mormannaan, Pheexroos, «Barsiisa'a, kolbaan marti si dhiphittee, si dhiibiisatti jirti» jedhe. \v 46 Yesuus ammoo, «Hunni fayyittu na keessaa akka baate ani waan beekuuf, nami tokko na tuqeera» jedhe. \v 47 Dubartittiin akka dhokattee hafaa hin jirre dhaggitee, rorommaa dhuttee miila Yesuusiititti jidde. Achiin duuba maaf akka isa tuxxee fi yoosuma attam akka fayyite kolbaa duratti itti hinte. \v 48 Yesuus isi'iin, «Intala tiyya dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe. \v 49 Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, nami tokko mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona barsiisaa hin rakkisin» jedhe. \v 50 Yesuus ammoo yennaa waan kana dhage'e Yaayiroosiin, «Hin sodaatin; dhugeeffadhu malee, intalti teeti hin fayyiti» jedhe. \v 51 Yesuus mana Yaayiroosii bira yennaa geye, Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, abba'aa fi haadha intalaa malee eennulle isa woliin akka seenuuf hin eeyyanne. \v 52 Namooti achi jiranu martinuu intalaaf bowanee wiiccifatane. Yesuus ammoo, «Hin bowina'a; intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» jedhe. \v 53 Isaan akka intalti duuteertu waan beekanuuf, marti isaaniituu itti kollane. \v 54 Yesuus ammoo harka isi'ii qabee, «Intala, ka'i!» jedhee waame. \v 55 Lubbuun isi'ii itti deebitee, yoosuma ol kaate; Yesuus ammoo waan nyaattu akka isi'iif kennanu isaan ajaje. \v 56 Worri isi'ii maalalfatane; Yesuus ammoo waan te'e kana eennulle'etti akka hin hinne isaan ajaje. \c 9 \s1 Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Erge \r (Mar. 10:5-15; Mar. 6:7-13) \p \v 1 Yesuus ergantoota kudhanii lamaan wolitti waamee, akka dhukkuba fayyisanuu fi durriisota baasanu hunnaa fi baallii isaaniif kenne. \v 2 Achiin duuba mootummaa Waaqaa akka lallabanuu fi worra dhibamaa akka fayyisanu erge. \v 3 Inni isaaniin, «Ideemiisa kara'aatiif womaa hin qabatina'a: ulee yookiin korojoo, galaa yookiin beesee, woyaa uffattane malee ta dhibii hin qabatina'a. \v 4 Mana seentanu maratti, qachaa sanii baatanee haga deentanutti achuma tura'a. \v 5 Yoo kolbaan isin fudhatiisa dhadde, akka beessisa isaanitti teetu bukuu miila keessanii hargufadha'aatii qachaa sanii deema'a» jedhe. \v 6 Maarre ergantooti achii bayanee olloota maraa keessa Oduu Gammadaa lallabaa, kolbaa fayyisaa deemane. \s1 Mamiisa Heroodisii \r (Mat. 14:1-12; Mar. 6:14-29) \p \v 7 Kolbaan gariin Yohaannisiin Cuuphaan du'aa ka'eera jedhiisatti waan jirtuuf, bulchaan Galiila'aa Heroodis, waan te'iisatti jiru mara dhage'ee, guddoo mame. \v 8 Worri dhibiin Eliyaas mudhateera, worri dhibiille raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera jedhane. \v 9 Heroodis, «Ani morma Yohaannisii mureeraayyu; nami ani waan isaa dhage'u kun ammoo eennu inni?» jedhe. Isa dhaggiisaafille barbaade. \s1 Yesuus Nama Kuma Shan Areere \r (Mat. 14:13-21; Mar. 6:30-44; Yoh. 6:1-14) \p \v 10 Ergantooti deebi'anee waan hujane mara Yesuusitti himane. Achiin duuba inni isaan qofa fudhatee, gara qachaa Betsayidaa jedhamuu tokko dhaqe. \v 11 Kolbaan marroo waan kanaa yennaa dhageette, isa hordotte. Innille isaan fudhatee, marroo mootummaa Waaqaa barsiisee, worra dhibee irraa fayyiisi barbaachiselle fayyise. \v 12 Yennaa latti galgalootte, barattooti kudhanii lamaan gara Yesuusii dhufanee, «Addeen nuuti jirru tun lafa qoommii waan teeteef, gara olla'aa fi oorruu adaala kanaa dhaqanee waan nyaatanuu fi addee buli'ii akka barbaadatanu kolbaa tana gad lakkisi» jedhane. \v 13 Yesuus ammoo, «Isinuu waan isaan nyaatanu kenna'aaf» isaaniin jedhe. \p Isaan ammoo, «Yoo dhandhee sagalee kolbaa tana duudi'iif geettu binne malee, nuuti daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa qanna» jedhane. \v 14 Dhiirti gara kuma shanii achi jirtiiyyu. \p Yesuus barattoota ifiitiin, «Akka namooti cinna shantama shantamaan tee'anu tolcha'a» jedhe. \p \v 15 Barattooti akkuma inni jedhe nama maraa teessisane. \v 16 Yesuus daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubba'aa ilaalee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, kolba'aaf akka qoodanu barattootatti kekenne. \v 17 Isaan martinuu nyaatanee quufanee, hambaa irraa hatte barattooti kollonjoo kudhanii lama fuudhane. \s1 Pheexroos Ebeluu Yesuusii Hime \r (Mat. 16:13-19; Mar. 8:27-29) \p \v 18 Gaafa tokko yennaa Yesuus qofii ifii daadimatiisatti jiru, barattooti isaa gara isaa dhufane. Inni, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate. \v 19 Isaanille, «Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; worri dhibiin raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera si'iin jedhan» jedhanee deebisane. \p \v 20 Yesuus, «Isin hoo eennu anaan jettan?» jedhee isaan gaafate. \p Pheexroos deebisee, «Ati Masiihii Waaqaa ti» jedheen. \s1 Yesuus Marroo Rakko'oo Fi Du'a Ifii Dubbate \r (Mat. 16:20-28; Mar. 8:30—9:1) \p \v 21 Achiin duuba Yesuus waan kana eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan ajaje. \v 22 Inni itti dabalee, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota seeraatiin tuffatamee guddoo rakkata, hin ijjeefama, guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhee isaanitti hime. \v 23 Achiin duuba isaan maraan, «Nami na hordofiisaa barbaadu yoo jiraate, ifi mormatuu ti, guyyuma guyya'aan fannoo ifii ba'atee, na hordofuu ti. \v 24 Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin balleessa, ammoo yoo naaf jedhee jiruu ifii balleesse jiruu ifii hin fayyifata. \v 25 Nami biyya lafaa duudii qabaatee jiruu ifii yoo balleesse yookiin dhidhise maan isaa baati? \v 26 Nama anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatu, Ilmi Namaa ulfinna ifii, ulfinna abbaa ifiitii fi ergantoota woyyootaatiin yennaa dhufu itti hin fokkifata. \v 27 Ani dhugumaan isinitti hima, namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa adoo hin du'in, Mootummaa Waaqaa ka dhagganu hin jiran» jedhe. \s1 Jijjiiramiisa Bifa Yesuusii \r (Mat. 17:1-8; Mar. 9:2-8) \p \v 28 Yesuus waan kana dubbatee, gara guyyaa saddeetiitiin duuba Pheexroos, Yohaannisii fi Yaaqoob fudhatee daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye. \v 29 Adoo inni daadimatiisatti jiruu bifi fuula isaa jijjiiramee woyaan isaalle adii calalaxxu teete. \v 30 Dedhuma namooti lamaan Muuse'ee fi Eliyaas isa woliin dubbatiisatti jiranuun dhaggane. \v 31 Isaan ulfinna ol-gubba'aatiin mudhatanee marroo waan Yesuus du'iisaan Yerusaalemitti muummessu'uu jiruu dubbatiisatti jiraniiyyu. \v 32 Pheexroosii fi worri isa woliin jiranu dunquuqquu hirriiba irra jiran; yennaa dammaqane ammoo ulfinna Yesuusiitii fi namoota lamaan ka isa woliin dhaabbatiisatti jiranu dhaggane. \v 33 Akkuma namooti lamaan Yesuus lakkisanee deemaneen, Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna waan dansa'a; gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarra» jedhe; Pheexroos waan dubbatiisatti jiruuyyuu hin beenne. \v 34 Adoo inni dubbatiisatti jiruu, duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle; barattootille duumensa keessa yennaa seenane sodaatane. \v 35 Duumensa keessaa, «Kun Ilma kiyya, ka ani filadhe; isa dhage'aa!» qoonqoon jettu dhage'ante. \v 36 Qoonqoon dhage'anteen duuba, Yesuus qofi jiruun dhaggane. Barattootille cadhisane malee, waan yennaa san dhaggane mara nama tokkolle'etti hin hinne. \s1 Yesuus Mucaa Ayyaana Hama'aan Qabame Fayyise \r (Mat. 17:14-18; Mar. 9:14-27) \p \v 37 Guyyaa itti aanu Yesuusii fi barattooti isaa sadiin yennaa gaara irraa gad bu'anu, gumiin guddoon Yesuusiin wol dhaggite. \v 38 Gumii keessaa nami tokko qoonqoo guddo'oon, «Barsiisa'a! Akka ati ilma tokkocha kiyya naa laaltuuf, si kadhadha. \v 39 Ayyaanni hamaan dedhuma itti ka'aa iyyisiisa, lafatti isa dhowee wixirachiisee, afaan isa hoomacheessa; miidhaa tureen duuba farra jaddu'uun gad lakkisa. \v 40 Ani akka barattooti teeti baasanuuf kadhadhe; isaan ammoo hin dandeenne» jedhe. \v 41 Yesuus deebisee, «Isin dhaloota dhugeeffannaa hin qannee fi jalliyyee kana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Me mucaa keeti as fidi» jedhe. \p \v 42 Adoo mucaan gara Yesuusii dhufiisatti jiruu, ayyaanni hamaan lafatti isa dhowee wixirachiise. Yesuus ammoo ayyaana hamaa san xixee, mucaa fayyisee, abbaa isaatiif deebisee kenne. \v 43 Kolbaan marti guddinna hunna Waaqaa baaseffatte. \s1 Yesuus Ammalle Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Dubbate \r (Mat. 17:22,23; Mar. 9:30-32) \p Kolbaan martinuu waan Yesuus hojjate maraa adoo maalalfattuu, inni barattoota ifiitiin, \v 44 «Dubbii ani isinitti himu tana gurratti fudhadha'a! Ilmi namaa dabarfamee harka ilmaan namootaatitti hin kennama» jedhe. \v 45 Barattooti ammoo dubbii tana hin hubanne. Hiikkaan isaan duraa waan dhokatteertuuf hubatuu hin dandeenne; dubbii tana isa gaafatiisalle sodaatane. \s1 Ka Caalu Eennu? \r (Mat. 18:1-5; Mar. 9:33-37) \p \v 46 Barattoota oddu'utti isaan keessaa ka caalu eennu akka te'e wol mormiin kaate. \v 47 Yesuus yaada isaanii beekee, daa'ima tokko fuudhee, cinaa ifii dhaabbachiisee, \v 48 isaaniin, «Daa'ima kana maqaa kiyyaan ka fudhatu na fudhata; ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata. Nami isin maraa keessaa gade'ee isin maraa caala» jedhe. \s1 Ka Isiniin Hin Mormine Golii Teessan \r (Mar. 9:38-40) \p \v 49 Yohaannis deebisee, «Barsiisa'a, namichi tokko maqaa keetiin durriisota baasuun dhagginee, waan inni golii teenna te'uu dhabeef, isa dhooggine» Yesuusiin jedhe. \v 50 Yesuus ammoo, «Ka isiniin hin mormine mara golii teessan waan te'eef, isa hin dhooggina'a!» jedhe. \s1 Ollaan Samaariya'aa Yesuus Fudhatuu Dide \p \v 51 Yennaan Yesuus gara ol-gubba'aa fudhatamu dhikaannaan, gara Yerusaalemii deemiisaaf muratee ka'e. \v 52 Gara ollaa Samaariya'aa dhaqanee waan mara akka isaaf qopheessanuuf, inni ergantoota ifiin dura erge. \v 53 Kolbaan ollaa sanii ammoo akka inni gara Yerusaalemii deemiisatti jiru waan beetteef, isa fudhatiisa didde. \v 54 Barattooti isaa Yaaqoobii fi Yohaannis waan kana yennaa dhaggane, «Gootta'a, ibiddi ol-gubbaa irraa bu'ee akka isaan balleessu akka ajanyu hin eeyyantaa?» jedhane. \v 55 Yesuus ammoo garagalee isaan xixee, [ «Isin ayyaana attamii irraa akka teetane hin beettanu; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisiisaaf malee balleessiisaaf hin dhunne»]\f + \fr 9:55\fr*\ft Woraabbiin gariin hima kana hin qabu\ft*\f* jedhe. \v 56 Achiin duuba isaan gara ollaa dhibi'ii ka'anee deemane. \s1 Jara Sadiin Yesuus Hordofiisaaf Barbaadde Takka \r (Mar. 8:19-22) \p \v 57 Adoo isaan karaa ideemiisatti jiranuu, namichi tokko Yesuusiin, «Addee ati dhaxxu mara ani si faana dhaqa» jedhe. \v 58 Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qaddi; sinbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu» jedhe. \p \v 59 Nama dhibi'iin, «Na hordofi» jedhe. \p Nami sun ammoo, «Goottaa, dursee dhaqee abbaa kiyya awwaaladha naa eeyyam» jedhe. \p \v 60 Yesuus deebisee, «Du'aan du'aa ifii awwaalatuu ti. Ati ammoo dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi» jedhe. \p \v 61 Achiin duuba ammalle nami dhibiin, «Gootta'a, ani si hordofa; ammoo dursee dhaqee maatii tiyyaatii nageya akka dhaamuuf naa eeyyami» jedhe. \v 62 Yesuus isaan, «Nami qottoo\f + \fr 9:62\fr*\fqa Qottoo: \fqa*\ft Qottoon meeshaalee adda addaa ka ittiin lafa qottanu ilaala\ft*\f* harkatti qabatee, ifiin duuba ilaalu mootummaa Waaqaatiif hin te'u» jedhe. \c 10 \s1 Yesuus Nama Torbaatamii Lama Erge \p \v 1 Kanaan duuba Goottaan nama torbaatamii lamaan dhibii filatee, gara qacha'aa fi addee ifii dhaqu'uuf jiruu mara lamaan lamaaniin ifiin dura erge. \v 2 Inni isaaniin, «Midhaan haamamu gudda'aa, worri haamu ammoo diqqa'a; abbaan midhaanii worra haamu gara ficha'aa akka erguuf daadimadha'a. \v 3 Amma beena'a! Kunoo ani akka ilmoolee hoole'ee yayyii odduu isin erga. \v 4 Korojoo yookiin subba yookiin kophee hin qabatina'a; eennulle nageya fuudhiisaaf kara'atti hin dhaabbatina'a. \v 5 Mana tokko yennaa seentane duraan dursa'aatii, ‹Nageenni mana kanaaf te'uu!› jedha'a. \v 6 Yoo nami nageya jaalatu achi jiraate, nageenni keessan nama saniif te'uu ti; yoo hin jiraanne, nageenni keessan isinii deebi'a. \v 7 Manuma san keessa tura'a; hojjataa tokkoof mindaan barbaachisaa waan te'eef, waan isaan isiniif kennanu maraa nyaadha'aa una'a. Manaa gara manaa hin labina'a! \v 8 Yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatane maraa, waan isiniif kennanu sooradha'a; \v 9 qachaa san keessatti dhibamaa fayyisa'a; kolbaa achi jirtulle'een, ‹Mootummaan Waaqaa isinitti dhikaateerti› jedha'a. \v 10 Ammoo yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatiisa dhabane mara, kara'atti baya'aatii, \v 11 isaaniin ‹Bukuu qachaa keessanii ka miila keennatti qabattelle ifi irraa hin haxowanna; ammoo mootummaan Waaqaa akka dhikaatte beeka'a!› jedha'a. \v 12 Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa saniitiin irra worra Sodoomiitiif kaso'o» jedhe. \s1 Qachoota Hin Dhugeeffanne \r (Mat. 11:20-24) \p \v 13 Yesuus ede'ee, «Aannee si'iif, Koraaziin! Aannee si'iif, Betsayida'a! Bilbaasi Waaqaa ka si keessatti godhame, adoo Xiiroosii fi Sidoonaa keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan uffana gaddaa uffattee, daadhaa keessa teetee duruu araara galteertiiyyu. \v 14 Guyyaa mura'aa isin caalaa Xiiroosii fi Sidooniif kasoo teeti. \v 15 Qifirnaahoom ati haga ol-gubba'aa ifi ol qabuu barbaaddaa? Maarre gara boolla qile'ee gad gatanta. \p \v 16 «Ka isin dhage'u na dhage'a; ka isin didu na dida; ka ana didu ka ana erge dida» jedhe. \s1 Worri Torbaatamii Lamaan Addee Dhaqanee Deebi'ane \p \v 17 Worri torbaatamii lamaan gammada gudda'aan deebi'anee dhufanee, «Goottaa, yennaa nuuti maqaa keetiin ajajne durriisotille nu'uuf ajajamane» jedhaneen. \p \v 18 Yesuus deebisee, «Seexanni akka balaqqeetti'ii ol-gubba'aa bu'uun dhagge. \v 19 Ani akka isin dhudhuufa'aa fi makka\f + \fr 10:19\fr*\fqa Makka: \fqa*\ft Gaadduu, qaajjibbuu\ft*\f* irra ideentanu, hunna diinotaa maralle akka injifattanu baallii isiniif kenneera; womaa isin hin miidhu. \v 20 Te'uu malee, maqaan keessan ol-gubba'atti waan barreeffameef gammada'a malee, ayyaanni hamaan waan isiniif ajajameef hin gammadina'a» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Gammade \r (Mat. 11:25-27; 13:16,17) \p \v 21 Yennuma sanitti, Yesuus gammada Ayyaana Woyyichaatiin guutamee, «Abbaa kiyya, Goottaa ol-gubba'aatii fi lafaa! Waan kana worra qaroole'ee fi beettota dhossitee worra wo hin beenneef\f + \fr 10:21\fr*\fqa Worra wo hin beenneef: \fqa*\ft Ijoolle'eef\ft*\f* waan mudhitteef si galateeffadha. Ee, Abbaa, wonni sun akka teetuuf waan ati itti gammadde. \p \v 22 «Abbaan kiyya waan mara dabarsee natti kenneera. Abbaa isaa qofattuu beeka malee, ilmi eennu akka te'e ka beeku hin jiru; Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisuu barbaadettuu abbaa beeka malee, abbaan eennu akka te'e ka beeku hin jiru» jedhe.\x - \xo 10:22 \xo*\xt Yoh. 3:35; 10:15\xt*\x* \v 23 Achiin duuba gara barattoota ifii garagalee qofii isaaniititti, «Ilti waan isin dhaggitanu dhaggitu ta eebbifante. \v 24 Raagotaa fi moototi hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo akka hin dhaggin yookiin hin dhage'in isinitti hima» jedheen. \s1 Mammaassa Namicha Samaariya'aa \p \v 25 Beekaan seera Muuse'ee tokko Yesuus waan jedhu ilaaliisaaf ol ka'ee, «Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf maan godhuu na barbaachisa?» jedhe.\x - \xo 10:25-28 \xo*\xt Mat. 22:35-40; Mar. 12:28-34\xt*\x* \v 26 Yesuus deebisee, «Seera Muuse'ee keessatti maanti barreeffameera? Attamitti dubbittee hiitta?» jedhe. \v 27 Namichille, «Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaaladhu; akkuma ifi jaalattu ollaa keetille jaaladhu» jedhe. \p \v 28 Yesuus, «Sirri'itti deebiteerta; yoo tana goote jiruu bara baraa hin dhaggatta» jedhe. \p \v 29 Beekkichi Seera Muuse'ee ammoo akka waan nama balchaa te'ee ifi mudhisiisa barbaadee, «Ollaan kiyya kam inni?» jedhee gaafate. \p \v 30 Yesuus deebisee, «Nami tokko Yerusaalemii gara Yeriko'oo adoo gad deemuu worri nama saamu isa lolee, waan inni qabu mara irraa mulqee, dikee, lubbuu qofa keessatti lakkisee biraa deeme. \v 31 Hayyuun tokko karaa san adoo dabaruu, yennaa namicha dhagge ammoo, irraa goree dabare. \v 32 Nami gosa Lewwi'ii tokkolle karuma san achi dhufee, yennaa namicha dhagge, irraa goree dabare. \v 33 Nami Samaariya'aa tokko ammoo, ka karaa san deemu irra dhufee, yennaa isa dhagge nayeef. \v 34 Itti hiiqee, madaa isaatitti zayiti'ii fi daadhii woyni'ii naqee hidheef; achiin duuba geejjiba ifii gubbaa teessisee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti qarqaare. \v 35 Guyyaa itti aanu dinaara lama fuudhee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin qarqaar; yennaa karaa kana deebi'u, kana caalaalle yoo baatteef, si'iif hin kenna› jedheen» jedhe. \v 36 Achiin duuba Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, akka ollaa tokkootitti namicha jara nama saantu afaan bu'e san ka qarqaare kam sitti fakkaata?» jedheen. \v 37 Beekaan Seera Muuse'ee, «Ka marareef» jedhee deebise. \p Yesuus isaan, «Atille dhaqii, akkasuma tolchi» jedhe. \s1 Yesuus Mana Maarta'aatii Fi Maariyaamiititti \p \v 38 Yesuus barattoota ifii woliin ideemaatuma gara ollaa tokkoo yennaa dhufe, dubartiin Maartaa jedhantu takka mana ifiititti isa fudhate. \v 39 Isiin obboleettii Maariyaam jedhantu takka qaddi; Maariyaamiin sun miila Yesuusii jala teettee dubbii isaa caqasiisatti jirtiiyyu. \v 40 Maartaan ammoo hujiin mana keessaa waan itti heddatteef, gara isaa dhuttee, «Gootta'a, obboleettiin tiyya akka ani callaan hujuuf yennaa isiin qofuu na lakkittu cadhittee ilaalta? Akka isiin dhuttee na gargaartuuf itti himi» jette. \v 41 Goottaan deebisee «Maarta'a, Maarta'a! Ati waan hedduu yaadaa rakkata, \v 42 ka barbaachisu ammoo waan tokkocha calla'a. Maariyaamiin waan dansaa filatteerti, isii irralle'ee hin fudhatamu» isi'iin jedhe. \c 11 \s1 Yesuus Marroo Daadimataa Barsiise \r (Mat. 6:9-13; 7:7-11) \p \v 1 Gaafa tokko Yesuus addee takkatti daadimatiisatti jiraayyu; yennaa inni daadimatee ka'e, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Gootta'a, Yohaannis barattoota ifii daadimatiisa akkuma barsiise, atille daadimatiisa nu barsiisi» jedhe. \p \v 2 Yesuus isaaniin, «Yennaa daadimattanu tana jedha'a: \q1 «‹Abbaa keenna, [ka ol-gubbaa jirtu] \q2 Maqaan keeti woyyoomu; \q2 Mootummaan teeti dhuttu. \q1 [Fedhiin teeti akkuma ol-gubba'atti teete, \q2 lafa irralle'etti teetuu.] \q1 \v 3 Sagalee nuu barbaachittu \q2 guyyuma guyya'aan nuu kenni. \q1 \v 4 Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu, \q2 cubbuu teenna nuu araarami; \q2 [hantuu irraa nu eegi malee], \q2 ataabe'etti nu hin galchin!› jedha'a» jedhe\f + \fr 11:4\fr*\ft Woraabbiin durii gariin, hima yookiin yaada laakkossa 2-4 keessatti dalleya keessa jiru mara hin qabu\ft*\f*. \p \v 5 Achiin duuba Yesuus ede'ee «Isin keessaa nami tokko lansa yoo qabaate, halkan wodhakkaa gara lansa ifii dhaqee ‹Lansa kiyya, daabboo xaltaa sad naa liqeessi. \v 6 Lansi kiyya karaa deemaa ammuma tana natti goree waan itti kennu dhabeera› yoo jedheen, \v 7 lansi isaa sun mana keessa tee'ee, isaan ‹Ana hin rakkisin! Balbalti cufantee, ijoolleen tiyyalle na woliin taqee irra ratteerti. Ani ka'ee womaa si'iif kenniisa hin dande'u› hin jedhaa? \v 8 Ani isinitti hima, lansa isaa waan te'eef ka'ee womaa isaaf kennuu dhabulle, adoo hin fokkifatin itti deddeebisee waan isa kadhateef, ka'ee waan isaa barbaachisu mara hin kenna. \p \v 9 «Maarre ani isiniin jedha: gaafadha'a isiniif hin kennanti; barbaada'a hin dhaggattani; dhodhowa'a balbalti isiniif hin bananti. \v 10 Ka gaafatu maraa hin fudhata; ka barbaadu maraa hin dhaggata; ka dhodhowu maraaf balbalti hin bananti. \v 11 Isin keessaa abbaa ka te'e, ilmi isaa [daabboo yoo gaafate dhakaa ka kennuuf eennu?]\f + \fr 11:11\fr*\ft Woraabbiin gariin yaada dalleya keessa jiru kana hin qabu\ft*\f* Qurxummii yoo gaafate dhudhuufaa ka kennuuf eennu? \v 12 Yookiin yoo inni quuphaa gaafate qaajjibbuu hin kennaafii? \v 13 Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe. \s1 Yesuusii Fi Bi'el Zebul \r (Mat. 12:22-30; Mar. 3:20-27) \p \v 14 Yesuus durriisa duudaa tokko baase. Yennaa durriisi baye, namichi dubbatiisa jalqabe; namootille baaseffatane. \v 15 Namooti gariin ammoo, «Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» jedhane. \p \v 16 Worri dhibiin Yesuus haga ilaaliisaaf barbaadanee, beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka isaanitti mudhisu gaafatan.\x - \xo 11:16 \xo*\xt Mat. 12:38; 16:1; Mar. 8:11\xt*\x* \v 17 Yesuus ammoo waan isaan yaadatane beekee, isaaniin, «Mootummaan takka wol mormitee yoo gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin baddi; maatiin takka yoo gargar ifi qoodde, manni sun hin diigama. \v 18 Maarre Seexanni wol mormee yoo gargar ifi qoode, mootummaan isaa attamiin dhaabbatuu dandeetti? Waan isin anaan, ‹Inni hunna Bi'el Zebuliitiin durriisota baasa› jettaneef tana jedhe. \v 19 Yoo ani hunna Bi'el Zebuliitiin isaan baase, ijoolleen\f + \fr 11:19\fr*\fqa Ijoolleen: \fqa*\ft Hordofattooti\ft*\f* teessan eennuun baasan? Tanaaf ijoolleen teessanuu isinitti murti. \v 20 Yoo ani hunna Waaqaatiin durriisota ka baasu te'ee, akka mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteertu beeka'a. \p \v 21 «Nami jabaan tokko, meya woraanaa mara hidhatee, mana ifii yennaa eeggatu, qabeenni isaa marti hin eegamaaf. \v 22 Ammoo ka isa caalaa jabaatu yennaa isa lolee injifate, meya lolaa ka inni addatu maraayyuu irraa fudhata, karra dannabe sanille hin qooda. \v 23 Eennulle ka golii tiyya hin te'in na morma; eennulle ka na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa. \s1 Bayee Deebi'iisa Ayyaana Hama'aa \r (Mat. 12:43-45) \p \v 24 «Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bawu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf, lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a; addee barbaadatee yoo dhagguu dhabe, ‹Mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha. \v 25 Yennaa deebi'u, manni haxowamee qulqulloweeruun dhagga. \v 26 Achiin duuba ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamaa te'ane dhaqee fida; isaanille dhufanee achi le'an. Jireenni namichaa ka duubaa ka duraa caalaa ka hammaate te'a» jedhe. \s1 Eebba Dhuga'aa \p \v 27 Yesuus adoo tana dubbatiisatti jiruu, gumii keessaa dubartiin takka qoonqoo ol qabattee, «Gadaamessi si ba'atee fi harmi ati hoote\f + \fr 11:27\fr*\fqa Gadaamessi si ba'atee fi harmi ati hoote: \fqa*\ft Haati si deettee hoositte\ft*\f* ka badhaadhane» jette. \v 28 Inni ammoo deebisee, «Worri jecha Waaqaa dhage'ee ajajamuuf caalaa ka badhaadhe!» jedhe. \s1 Kolbaan Beessisa Gaafatte \r (Mat. 12:38-42; Mar. 8:12) \p \v 29 Kolbaan hedduun gara isaa dachaateertuun, Yesuus, «Dhalooti kun dhaloota hama'a; isaan beessisa gaafatan, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee ka dhibiin tokkolle hin kennamuuf. \v 30 Raagichi Yoonaas kolbaa Nanawwe'eetiif beessisa akka te'e ilmi namaalle dhaloota adhaa kanaaf beessisa hin te'a. \v 31 Mootittiin kibbaa guyyaa mura'aa dhaloota adhaa kana woliin kaatee, isaanitti hin murti. Isiin qaccee biyya lafaatii qaruu Solomoonii caqasiisaaf dhutte; amma kunoo ka Solomoon caalu as jira. \v 32 Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee isinitti hin murti; kolbaan Nanawwe'ee lallaba Yoonaasii dhageettee cubbuu irraa deebiteerti. Kunoo ka Yoonaas caalu as jira. \s1 Ifa Nafaa \r (Mat. 5:15; 6:22-23) \p \v 33 «Eennulle ifa issee, addee hin mudhannetti yookiin qorii jala ka keyu hin jiru; namooti yennaa mana seenanu akka dhagganu addee mudhatu keya. \v 34 Ilti teeti ifa nafa keetii ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaa te'a; ammoo ilti teeti dhukkudduu yoo teete nafi keeti duudiin dukkanowaa te'a. \v 35 Tanaaf ifi si keessa jiru akka hin dukkanoonne ifi eegadhu. \v 36 Nafi keeti duudiin ifa yoo qabaate, maddiin takkaalle dukkana keessa yoo hin jiraatin, akkuma yennaa ifi ifa ifii sitti issu te'u, nafi keeti duudiin ifaalessa te'a» jedhe. \s1 Yesuus, Fariisaayotaa Fi Barsiisota Seera Muuse'ee Komate \p \v 37 Yesuus yennaa dubbatee ka'e, Fariisaayichi tokko sagalee nyaatiisaaf gara mana ifii isa waame; maarre inni nyaatiisaaf gara mana isaa dhaqee tee'e. \v 38 Fariisaayichi sun Yesuus adoo harka hin dhiqatin nyaataaf akka tee'e yennaa dhagge maalalfate. \v 39 Maarre Goottaan isaan, «Isin Fariisaayoti muduunuu itti untanuu fi qorii itti nyaattanu gubbaa qulleessitan, keessi keessan ammoo joljolumma'aa fi hammeennaan guutameera. \v 40 Gowwoole'e! Waaqi gubbaa dade keessa hin dannee? \v 41 Ammoo waan muduunu'uu fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kenna'a, wonni duudiille isiniif hin qulqulloonti. \p \v 42 «Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin ashuuda'aa fi sugattee\f + \fr 11:42\fr*\fqa Sugattee: \fqa*\ft Sukuttee\ft*\f* irraa, akkasuma waan ficha'atti dhaabattane duudii irraa kudhan keessaa tokko Waaqaaf kennitan, dhuga'aa fi jaalala waaqaa ammoo hin lakkittan. San adoo gootanuu tanalle worra dhibi'iif godhiisa lakkisuu hin malle. \v 43 Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa ulfinnaa, addee dikko'ootille'etti nageya ulfinnaa akka isin fuudhanu jaalattan. \v 44 Isin irreensa\f + \fr 11:44\fr*\fqa Irreensa: \fqa*\ft Irreensa\ft*\f* beessisa hin qanne ka namooti adoo hin beekin irra deemanu waan fakkaattanuuf isiniif aanne'e!» jedhe. \p \v 45 Beekaan Seera Muuse'ee tokko, «Barsiisaa, ati yennaa tana dubbattu be nu'ulle arrassaarta» jedheen. \v 46 Yesuus deebisee, «Isin beekkolee Seera Muuse'eetiif aanne'e! Isin ba'aa ulfaattuu dudda kolba'aatitti feetan, ifii ammoo quballe'een hin tuxxanu. \v 47 Isin raagota abbootiin teessan ijjeetteef irreensa waan ijaartanuuf, isiniif aanne'e! \v 48 Isin waan abbootiin teessan hujjetti wolii galtane; isaan raagota ijjeesanee, isin irreensa isaanii ijaartanee mirkaneessitane. \v 49 Marroo tanaaf beekkumsi Waaqaa, ‹Ani raagotaa fi ergantoota isaanitti erga; isaan garii hin ijjeesan kaan hin ari'an› jedha. \v 50 Maarre haga latti dadanteen jalqabee dhiiga raagota maraa ka jigeef dhalooti kun hin gaafatama. \v 51 Dhiiga Abeeliitiin jalqabee haga dhiiga Zakaariyaasii wodhakkaa addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaatitti ijjeesanee, ani dhugumaan isinitti hima, dhiiga isaan maraatiif dhalooti kun hin gaafatama. \v 52 Isin beekkoleen Seera Muuse'ee, furtuu balbala beekkumsaa kolbaa duraa waan fuutaneertanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin seenne, worra seeniisaaf barbaadulle hin dhooggitan» jedhe. \p \v 53 Yesuus yennaa achii deeme, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti guddoo moromanee, gaaffii marroo waan heddu'uu isa gaafatanee, \v 54 dubbii inni dubbatuun isa qabiisaaf gaadane. \c 12 \s1 Kijiba Irraa If Eeggachiise \r (Mat. 10:26-27) \p \v 1 Yennaa san gumiin kuma heddu'utti laakkowantu haga wol irra i'ijjattutti yennaa wolitti qabante, Yesuus dursee barattoota ifiitiin, «Uukoo worra Fariisaayotaa, jechuun kijiba isaanii irraa ifi eegadha'a. \v 2 Wonni gollaa jiru maraa hin mudhata, wonni dhossaa jiru maraa hin beekkama. \v 3 Tanaaf wonni isin dukkana keessatti dubbattane, ifa guyya'aatitti bayee hin dhage'ama, wonni isin diinqa cufamaa keessatti qofuu haasottane guutuu manaa irratti hin lallabama» jedhe. \s1 Ka Sodaatamu'uuf Male \r (Mat. 10:28-31) \p \v 4 «Jaalota tiyya, ani isinitti hima; worra isin\f + \fr 12:4\fr*\fqa Isin: \fqa*\ft Foon yookiin nafa\ft*\f* ijjeesee ammoo waan badduu dhibii tana caalaa hujuu hin dandeenne hin sodaatina'a. \v 5 Ani ka sodaatiisaa maltane isinitti mudhisa: Ka ijjeeseen duuba, ibidda bara baraatitti gatiisaaf baallii qabu, Waaqa sodaadha'a. Ee, ani isinitti hima isa callaa sodaadha'a! \p \v 6 «Sinbirrooti didiqqoon shanan saantimii lamaanitti\f + \fr 12:6\fr*\fqa Saantimii lamatti: \fqa*\ft Saantimii kudhanitti\ft*\f* gurgurantii motii? Te'uu malee isaan san keessaa takkattiin Waaqa duratti dedhantee hin jirtu. \v 7 Rifeensi mataa keessaniituu maraa laakkowameera. Maarre hin sodaatina'a; isin sinbirroota didiqqoo san caalaa gatii guddoo qaddan. \s1 Marroo Kiristoosii Dhugaa Bayiisa \r (Mat. 10:32-33; 10:19-20) \p \v 8 «Ani isinitti hima, eennulle nama dhibii duratti ka naaf dhugaa bayu, Ilmi Namaalle ergantoota Waaqaa duratti akkasuma isaaf dhugaa baya. \v 9 Ammoo nama duratti ka na mormatu, ergantoota Waaqaa duratti hin mormatama. \v 10 Eennulle Ilma Namaa mormee dubbii ka dubbatu araara hin dhaggata; ammoo eennulle Ayyaana Woyyicha mormee ka faanshessu araara hin dhaggatu.\x - \xo 12:10 \xo*\xt Mat. 12:32; Mar. 3:29\xt*\x* \p \v 11 «Yennaa isaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaatitti, bulchitoota fi worra baallii qabu duratti, murti'iif isin geessane, attam akka falmattanu yookiin maan akka dubbattanu hin yaadina'a. \v 12 Yennuma san Ayyaanni Woyyichi waan isin dubbatu'uuf maltane isin barsiisa» jedhe. \s1 Gowwummaa Namicha Dureessaa Tokkoo \p \v 13 Gumii keessaa nami tokko, Yesuusiin, «Barsiisa'a, dhaala abbaa keennaa, akka naaf qoodu obboleessa kiyyatti himi» jedheen. \p \v 14 Yesuus deebisee, «Jaali, akka ani isin irratti abbaa mura'aa yookiin qoodduu dhaalaa te'u eentu na fowe?» jedhe. \p \v 15 Itti aansee inni isaan maraanuu, «Jireenni namaa baceenna karraatiinii moti; tanaaf ilaalladha'a, joljolummaa maraa irraa ifi eegadha'a» jedhe. \p \v 16 Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Namichi dureessi ka fichaa midhaan hedduu baase qabu tokko jira. \v 17 Inni ‹Addee midhaan kiyya kana mara itti galchu hin qabu. Maan godha?› jedhee yaadate. \v 18 ‹Akkana godha› ifiin jedhe; ‹Gootaraa kiyya maraa diigee ka dhibii gugurdaa ijaara, achitti midhaan kiyyaa fi meya kiyya ka dhibii maralle galfadha. \v 19 Achiin duuba ani ifiin, Waan dansaa woggaa heddu'uuf sii barbaachisu mara hin qadda; foorfadhu, nyaadhu, uni, ifi gammachiisi!› jedha. \v 20 Waaqi ammoo isaan, ‹Ati gowwa'a! Edanuma tana lubbuun teeti fudhatanti; waan ati ifiif kuufatteertu kana mara eentu fudhata?› jedhe. \p \v 21 «Nami lafa tana irratti ifiif karra kuufatu, Waaqa duratti ammoo ka dureessa hin te'in akkasuma te'a» jedhe. \s1 Waaqatti Addatiisa \r (Mat. 6:25-34) \p \v 22 Yesuus barattoota ifiitiin, «Maarre ani isinitti hima, jireenna keessaniif maan nyaanna yookiin nafa keessanitti maan uffanna jettanee hin yaadina'a. \v 23 Jireenni nyaata caalaa, nafi woyaa caalaa guddoo barbaachisa'a. \v 24 Me harraaqessoota ilaala'a: isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee hin galchanu; addee midhaan itti galchanu yookiin gootaraa hin qabanu; Waaqi isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota caaltan! \v 25 Isin keessaa nami tokko haga fedhe itti yaadee le'ii ifii diqqumalle ka dheereffatuu dande'u eennu? \v 26 Yoo waan diqqoo akkanaa kanaayyuu dandeettanee hin goone, maaf marroo waan dhibi'iitiif yaaddan ree? \v 27 Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a: Isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. Ammoo ani isinitti hima, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan woyaa akka daraarota sanii dansittii hin uffanne. \v 28 Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas seesee itti uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba. E, isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo! \p \v 29 «Tanaaf ‹Maan nyaanna? Maan unna?› jedhaa yaadaan hin rakkatina'a. \v 30 Kolbaan lafa tanaalle waan kana dhaggatiisaaf itti yaadaa rakkatti. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka. \v 31 Addee tanaa, mootummaa Waaqaa barbaada'a, tun marti isiniif hin dabalanti. \s1 Durummaa Ol-gubba'aa \r (Mat. 6:19-21) \p \v 32 «Gumii diqqo'o, Abbaan keessan mootummaa ifii isinii kenniisaaf waan jaalateeruuf, hin sodaatina'a. \v 33 Waan qaddanu mara gurgura'aatii beesee worra hiyyeeyyi'iif kenna'a. Subba beese'ee ka hin dulloonne qopheeffadha'aatii beesee teessan addee hattuun hin dhaqqannee fi biliin hin balleessine ol-gubba'atti maffadha'a. \v 34 Addee beeseen teessan jirtu gadhaan keessanille hin jiraata» jedhe. \s1 Tajaajiltoota Dammaxxuu \r (Mat. 24:45-51) \p \v 35 Yesuus itti aansee, «Huji'iif hidhadha'aatii qophowa'a, ifa keessanille iffadha'a!\x - \xo 12:35 \xo*\xt Mat. 25:1-13\xt*\x* \v 36 Tajaajiltoota goottaan isaanii jila fuudhaatii deebi'u eegatanu fakkaadha'a. Yennaa inni dhufee balbala dhodhowe, isaan yoosuma hin banan.\x - \xo 12:36 \xo*\xt Mar. 13:34-36\xt*\x* \v 37 Tajaajiltooti goottaan isaanii yennaa deebi'u dammaqaneeranuun dhaggu, ka eebbifamane. Ani dhugumaan isiniin jedha, inni woyaa ifii caccaffatee, addee nyaataa isaan teessisee hin areera. \v 38 Halkan wodhakkaa yookiin fuullee bari'ii yoo dhufelle, worri qophowaneeranuun inni dhaggu ka eebbifamane! \v 39 Ammoo tana beeka'a: abbaan manaa saatii hattuun itti dhuttu adoo beekee, hattuun mana isaa cassitee akka seentuuf hin lakkisu. \v 40 Ilmi Namaalle saatii isin isa hin eennetti waan dhufuuf, isinille qophowa'aatii eegadha'a!» jedhe. \s1 Tajaajilaa Addatamaa Yookiin Ka Hin Addatanne \r (Mat. 24:45-51) \p \v 41 Pheexroos, «Gootta'a, mammaassa kana nu'uuf dubbatta moo yookiin nama maraafuu?» jedhee gaafate. \p \v 42 Goottaan deebisee, «Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni maatii isaa sirri'itti bulchuu fi tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan akka kennuuf itti gaafatamummaa kennu kam ree? \v 43 Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'ee dhufu akkanuma hojjatiisatti jiruun dhaggu sun ka eebbifame! \v 44 Dhugumaan isiniin jedha, goottaan tajaajilaa san karra ifii mara irratti itti gaafatamaa hin godha. \v 45 Ammoo tajaajilaan sun, ‹Goottaan kiyya dafee hin dhufu hin tura› jedhee yaadatee, nyaataa unaa, machowaa tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii dhaaniisatti yoo ka'e, \v 46 goottaan isaa guyyaa inni hin eennee fi saatii inni hin beennetti deebi'ee hin dhufa, isa hin ciccira, qooda isaalle worra hin dhugeeffanne woliin godha. \p \v 47 «Fedhii goottaa ifii adoo beekuu tajaajilaan hin qopheeffanne, yookiin ajaja goottaa ifii hin muummessine akka malee hin dhaanama. \v 48 Ammoo tajaajilaan fedhii goottaa ifii beekuu dhabiisaan, waan isa dhaansisu yoo huje, diqquma dhaanama. Nama wonni guddoon itti kennante irraa waan guddo'otti barbaadama; nama maganneen guddoon itti kennante irraa ka caalu hin barbaadama» jedhe. \s1 Namooti Sababa Yesuusiitiif Gargar Bayane \r (Mat. 10:34-36) \p \v 49 «Ani ibidda lafatti buusiisaaf dhufe, adoo duruu bobeeffamee jiraate ani attam halchaayyu! \v 50 Ani cuuphama cuuphamaaru tokko qaba, haga inni muummowutti ani attam rakkadha! \v 51 Biyya lafaatiif nageya buusiisaaf waan dhufe na seetanii? Waawwoo, gargar bayiisa malee nageyaa moti. \v 52 Ammaa jalqabanee maatiin mana tokkoo shanan, sadiin lamaaniin wol mormanee lamaan sadiiniin wol mormanee gargar hin bayan. \v 53 Abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii, haati intala ifii, intaltille haadha ifii, haati sodda'aa niitii ilma isi'ii, niitiin ilma isi'ii haadha sodda'aa woliin mormanee gargar bayan» jedhe. \s1 Yennaa Beekiisa \r (Mat. 16:2-3; 5:25-26) \p \v 54 Yesuus kolba'aan, «Isin yennaa duumensi karaa aduun seentuun dhufe, yennuma san bokkeenni roobaara jettan; hin rooballe'e. \v 55 Yennaa qilleensi gara gadii\f + \fr 12:55\fr*\fqa Gara gadii: \fqa*\ft Kibbaa\ft*\f* dhowu dhaggitanu, o'i dhufaara jettan; akkasuma te'a. \v 56 Isin kijiboole'e! Waan lafaatii fi duumensaa ilaaltanee himuu hin dandeettan; maaf waan bara kanaa hin beekin ree? \s1 Mormitoota Teessaniin Wolii Gala'a \r (Mat. 5:25-26) \p \v 57 «Isin waan dhugaa te'e ifumaa maaf hin murre? \v 58 Nami tokko si himatee gara abbaa seeraa si geessiisaaf yoo ka'e, adoo abbaa seeraa dura hin geyin kara'attuu isa woliin wolii galiisaaf wodhaan. Yoo hin wodhaanin gara abbaa seeraa harkisee si geessa, abbaan seeraalle bulchaa mana hidha'aatitti dabarsee si hin kenna, innille gara mana hidha'aa si galcha. \v 59 Ani sitti hima, saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu» jedhe. \c 13 \s1 Cubbuu Irraa Ka Hin Deebine Hin Bada \p \v 1 Yennaa san namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, marroo worra Galiila'aa ka adoo Waaqaaf woreega woreegiisatti jiranuu, Philaaxoos ijjeesisee dhiiga isaanii woreega isaanii woliin makee itti himane. \v 2 Yesuus deebisee, «Worri Galiila'aa kun, worra Galiila'aa kaan mara caalaa cubbaaleyyii waan te'aneef akkas rakkatane isinitti fakkaataa? \v 3 Waawwoo! Ani isinitti hima, isin martinuu yoo cubbuu teessan irraa deebi'uu dhaddane, akkuma isaanii hin baddan. \v 4 Yookiin worri kudhanii saddeeti ka Siilo'amitti xelleephoon dhaka'aa dheertuun itti jiddee fixxe, worra Yerusaalem keessa le'u mara caalaa yakkaameyyii isinitti fakkaataa? \v 5 Waawwo'o! Ani isinitti hima; isinille cubbuu teessan irraa yoo deebitane malee, isin martinuu akkuma isaanii hin baddan» isaaniin jedhe. \s1 Mammaassa Muka Harru'uu Ka Midhaan Hin Buunnee \p \v 6 Achiin duuba Yesuus mammaassa kana isaanitti mammaakee, «Namichi fichaa ifii keessatti muka harru'uu dhaabbateeru tokko jira. Inni midhaan isii irraa barbaadatiisaaf dhaqee womaa irraa dhabe. \v 7 Maarre inni namicha fichaa isaa hujuun, ‹Ilaa, ani muka harru'uu kana irraa midhaan barbaadatiisaaf woggaa sad dhufeera; ammoo haga ammaa womaa irraa hin dhagganne. Isii muri, maaf lafa balleessiti?› jedhe. \v 8 Namichi sun ammoo deebisee, ‹Gootta'a, me woggaa tanaaf lakkis; jala qotee kosii jalatti naqa. \v 9 Bara dhufu midhaan yoo buutte dansa'a! Ammoo yoo buusuu dhadde hin murta!› jedheen» jedhe. \s1 Yesuus Guyyaa Sanbataa Dubartii Gugguutte Fayyise \p \v 10 Yesuus Guyyaa Sanbataa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisiisatti jiraayyu. \v 11 Dubartiin woggaa kudhanii saddeeti ayyaanni hamaan gugguussiseeru takkalle achi jirtiiyyu. Isiin akka malee gugguuttee qajeeltee dhaabbatuu hin dandeenne. \v 12 Yesuus yennaa isii dhagge gara ifii isii waamee, «Dubarti'i, ati dhibee teeti irraa fayyiteerta» jedhe. \v 13 Harka ifiille isii irra keyee, isiin yennuma san qajeeltee dhaabbattee Waaqa galateeffatte. \v 14 Sooressi mana Waaqonfannaa Yihudootaa waan Yesuus guyyaa Sanbataatiin fayyiseef aaree, kolba'aan, «Guyyooti huji'ii jaan jiran. Maarre guyyoota san kowa'aatii fayyifama'a malee, guyyaa Sanbataatiinii moti» jedhe. \v 15 Goottaan deebisee, «Isin kijiboole'e, isin keessaa guyyaa Sanbataatiin qotiyyoo yookiin harree addee hidha'aatii hiikee geessee ka bisaan hin obaanne eennu? \v 16 Amma dubartiin sanyii Abrahaamii teetu tun, ta woggaa kudhanii saddeeti Seexanaan hidhantee turte, guyyaa Sanbataatiin hiikamu'uu hin mallee ree?» jedheen. \v 17 Dubbii tana yennaa inni dubbate, worri isa mormu mara qaanowe; kolbaan ammoo kancira inni huje maratti gammadde. \s1 Mammaassa Midhaan Sanaafici'ii \r (Mat. 13:31-33; Mar. 4:30-32) \p \v 18 Achiin duuba Yesuus «‹Mootummaan Waaqaa maan fakkaatti? Maaniin isii wol fakkeessina?› jedhee gaafate. \v 19 Isiin akka sanyii sanaafici'ii ta nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti dhaabeen guddattee muka guddaa teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii irratti mana ijaarrattuu fakkaatti» jedhe. \s1 Mammaassa Uuko'oo \r (Mat. 13:33) \p \v 20 Yesuus ammalle, «Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessa? \v 21 Isiin akka uukoo dubartiin takka fuutee bullaa guddo'oon\f + \fr 13:21\fr*\fqa Bullaa guddo'oon: \fqa*\ft Kitaab Afaan Giriikii waan ittiin safaranu sadiin jedha\ft*\f* mattee, uukoon sun isii mara bukeessituu fakkaatti» jedhe. \s1 Balbala Dhiphoo \r (Mat. 7:13-14,21-23) \p \v 22 Yesuus gara Yerusaalemii adoo dhaquu, qachootaa fi olloota keessatti kolbaa barsiisaa dabare. \v 23 Nami tokko, «Gootta'a, ka fayyu kolbaa diqqo'oo?» jedhee gaafate. \v 24 Yesuus deebisee, «Balbala dhipho'oon seeniisaaf mixiixxadha'a; ani isinitti hima; namooti hedduun seeniisaaf wodhaanan; ammoo hin dande'anu. \v 25 Abbaan manaa ka'ee balbala cufeen duuba, isin ala dhaabbatanee balbala dhodhowaa, ‹Goottaa keenna balbala nu'uuf bani!› jettanee hin waantan; inni ammoo deebisee, ‹Isin eessaa akka dhuttane ani hin beeku› isiniin jedha. \p \v 26 «Achiin duuba isin deebittanee, ‹Si woliin nyaannee unneerra; karaa keenna irralle'etti barsiitteerta› jettan. \v 27 Inni ammoo, ‹Eessaa akka isin dhuttane ani hin beeku; isin dabaaleyyiin martinuu ila tiyya duraa deema'a!› jedha. \v 28 Mootummaa Waaqaa keessatti, Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobii fi raagota mara dhaggitanee, isin alatti yennaa gatantane, achitti bowaa ilkaan qartan.\x - \xo 13:28 \xo*\xt Mat. 22:13; 25:30\xt*\x* \v 29 Kolbaan gara aduun baatuu fi aduun seentuun, olii fi gadiin dhuttee mootummaa Waaqaa keessa teettee hin nyaatti. \v 30 Worri amma duuba jiru, worra duraa hin te'a; worri amma dura jiru worra duubaa hin te'a» jedhe. \s1 Heroodis Yesuus Ijjeesiisaaf Barbaade \p \v 31 Yennaa san worra Fariisaayotaa keessaa namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, «Heroodis waan si ijjeesiisaaf barbaaduuf asii deemi, addee dhibii dhaqi!» jedhaneen. \v 32 Yesuus deebisee, «Dhaqa'aatii jeedala\f + \fr 13:32\fr*\fqa Jeedala: \fqa*\ft Ukkullo, geedala\ft*\f* saniin, Ani adhaa fi boru durriisota hin baasa, worra dhibamaalle hin fayyisa, guyyaa sadeesso'ootitti hujii tiyya hin hobbaasa. \v 33 Te'uu malee, ani adhaa fi boru, ittaanille garuma duraa deemuu male; sababille raagaan tokko Yerusaalem keessatti malee, addee dhibi'itti ijjeefamuu hin malle» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Yerusaalemiif Gadde \r (Mat. 23:37-39) \p \v 34 «E! Yerusaalem, Yerusaalem! Ati raagota ka ijjeettu, ergantoota gara keeti ergante ka dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade, isin ammoo didattane. \v 35 Ilaa, manni keessan ona hin te'a. Ani isinitti hima, ‹Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebbifame› haga jettanutti deebitanee na hin dhaggitanu» jedhe. \c 14 \s1 Yesuus Namicha Dhibameeru Tokko Fayyise \p \v 1 Guyyaa Sanbataa tokko, Yesuus sagalee nyaatiisaaf, gara mana sooreyyii Fariisaayota keessaa tokkochaa dhaqe; worri achi jiranu isa gaadiisatti jiraniiyyu. \v 2 Namichi nafi isaa iitoweeru tokko fuula isaa dura jiraayyu. \v 3 Yesuus, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisuun seeraa moo seera moti?» jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota gaafate. \v 4 Isaan ammoo cadhisane. Yesuus namicha qabee fayyisee galche. \v 5 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Isin keessaa nami tokko, ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa yoo boolla keessa bu'e, yennuma san guyyaa Sanbataatiin ka hin baanne eennu?» jedhe. \v 6 Isaan ammoo tanaafille deebii kennuu hin dandeenne. \s1 Ifi Diqqeessiisaa Fi Keessummaa Fudhatiisa \p \v 7 Yesuus keessumooti addee ulfinnaa filattuun yennaa dhagge, itti mammaakee, \v 8 «Yennaa nami tokko gara jila fuudhaa fi heerumaa si waame, addee ulfinnaa hin tee'in, nami si caalu waamameera fa te'a. \v 9 Abbaan isin lamaanuu waame sun dhufee, ‹Addee tana namicha kanaaf lakkisi› yoo si'iin jedhe, qaanowaa addee namichaaf lakkittee, addee gadee dhaxxee hin teetta. \v 10 Ati ammoo yennaa waamante, abbaan si waame sun dhufee, ‹Jaala kiyya, as addee tanatti ol dabar› akka si'iin jedhuuf, dhaqiitii addee gadee tee'i. Yennaa san worra waamame san mara duratti ulfinna hin dhaggatta. \v 11 Nami ifi guddisu maraa hin diqqaata, nami ifi diqqeessu maraa hin guddata» jedhe.\x - \xo 14:11 \xo*\xt Mat. 23:12; Luq. 18:14\xt*\x* \p \v 12 Achiin duuba Yesuus namicha isa keessummeessu'uuf waameen, «Sagalee guyya'aa yookiin sagalee galgalaa yennaa gootu, jaalolee teeti yookiin obboleeyyan teeti yookiin firoottan keeti yookiin dureeyyii ollaa keetii hin waamin; yoo waante, isaanille deebisanee si waamanee, deebittee hin kaffalta. \v 13 Ati ammoo yennaa jila gootu, worra hiyyeessa, worra naafa, worra hokkola'aa fi worra ballaa waami! \v 14 Ati hin eebbifanta; isaan waan si'iif deebisanu hin qabanu, Waaqi ammoo guyyaa du'aa ka'a balchoole'eetitti si'iif hin deebisa» jedhe. \s1 Mammaassa Jila Guddo'oo \r (Mat. 22:1-10) \p \v 15 Keessummoota qori'itti hiiqanee tee'ane keessaa tokkochi, kana yennaa dhage'e Yesuusiin, «Mootummaa Waaqaatitti jilaaf ka tee'u ka badhaadhe!» jedhe. \p \v 16 Yesuus isaan, «Namichi tokko jila guddoo godhee keessummoota hedduu waame. \v 17 Yennaan jilaa yennaa geette, ‹Wonni maraa qophoweera, kowa'a!› jedhee worra waamametti akka himuuf tajaajilaa ifii itti erge. \v 18 Isaan martinuu ammoo waan itti aalatanu himatiisatti ka'ane. Ka matoomaa, ‹Lafa bitadheera, dhaqee ilaalu'uu male; maganne'e na hin kajeelin!› jedheen. \v 19 Kuun, ‹Qotiyyoo ximmaadii shan bitadheera, qotiisaa fi qotiisa dhabuu isaanii ilaaliisaaf kunoo kara'atti bayeera; maganne'e na hin kajeelin!› jedheen. \v 20 Ka dhibiin, ‹Ani waajiba waan te'eef, dhaqqabee hin dhufu› jedheen. \v 21 Maarre tajaajilaan galee goottaa ifiititti waan kana hime. Abbaan jilaa aaree tajaajilaa ifiitiin, ‹Ariifadhuu gara karaa gugurda'aatii fi xurree qachaa keessaa dhaqiitii worra hiyyeessa, worra naafa, worra balla'aa fi worra hokkolaa fidi!› jedhe. \v 22 Tajaajilaan, ‹Gootta'a, waan ati ajajje maraa muummesseera, ammoo ammalle addeen hin jirti!› jedheen. \v 23 Maarre goottaan tajaajila'aan, ‹Gara kara'aatii fi xurre'ee dhaqiitii, akka manni kiyya guutuuf kolbaan akka dhuttu tolchi! \v 24 Ani isinitti hima, worra duraan waamame keessaa tokkolle sagalee tiyya ta galgalaa afaaniin hin qabu!› jedhe» jedheen. \p \v 25 Gumiin guddoon adoo isa woliin ideentuu, Yesuus itti garagalee, \v 26 «Nami gara kiyya dhufu, abba'aa fi haadha ifii, haadha manaatii fi ijoollee ifii, obboleeyyanii fi obboleettota ifii, jiruu ifiille na caalaa ka jaalatu yoo te'e, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u. \v 27 Fannoo ifii ba'atee ka na hin hordonne, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u. \p \v 28 «Isin keessaa nami mana dhaka'aa ijaaruu barbaadu, duraan dursee beesee ittiin ijaaree fixu akka qabu beekiisaaf, tee'ee ka gatii hin herrenne eennu? \v 29 Yoo akkas hin te'in, hundee buusee\f + \fr 14:29\fr*\fqa Hundee buusee: \fqa*\ft Hundee kaasee, boroo dongoree\ft*\f* fixiisa ammoo yoo dadhabe, worri kana dhaggu maraa itti kolla; \v 30 ‹Ilaa, namichi kun ijaarsa jalqabee fixiisa ammoo dadhabe› jedha. \v 31 Yookiin mootiin loltoota kuma kudhan qabu, mootii loltoota kuma diddama qabu woliin loliisaaf ka duulu tokko, duraan dursee gad tee'ee ka hin mari'anne kam? \v 32 Yoo hin dandeenne te'e, mootichi isa loliisaaf ka'e sun adoo fagoo jiruu ergantoota ifii itti ergee nageya buusiisaaf hin gaafata. \v 33 Akkasuma, eennulle isin keessaa qabeenna ifii mara ka hin lakkinne barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u» jedhe. \s1 Soodda Kuraa Hin Qanne \r (Mat. 5:13; Mar. 9:50) \p \v 34 «Sooddi waan dansa'a, ammoo yoo kuraa ifi keessaa dhabe, attamiin deebi'ee kurowa ree? \v 35 Lafaaf yookiin kosii tuulantuufille hin te'u; alatti hin gatama. Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!» jedhe. \c 15 \s1 Mammaassa Hoolee Baddee \r (Mat. 18:12-14) \p \v 1 Gaafa tokko worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin dubbii Yesuusii dhage'iisaaf gara isaa dhufane. \v 2 Fariisaayotaa fi barsiisoti Seeraa ammoo, «Namichi kun cubbaaleyyii hin fudhata, isaan wolille'een nyaata» jedhanee itti gungumane.\x - \xo 15:2 \xo*\xt Luq. 5:29-30\xt*\x* \v 3 Tanaaf Yesuus itti mammaakee, \v 4 «Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu? \v 5 Yennaa dhagge gammadee gurmuu ifii irratti kaafatee, \v 6 gara mana ifii gala. Achiin duuba lansootaa fi olloota ifii waamee, ‹Hoolee tiyya ta badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!› hin jedha. \v 7 Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi'iisi hin barbaachinne caalaa, cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi'e ol gubba'atti gammadi guddaan hin te'a» jedhe. \s1 Mammaassa Maallaqa Badee \p \v 8 Yesuus itti aansee, «Dubartiin saantii maallaqaa kudhan\f + \fr 15:8\fr*\fqa Saantii maallaqaa kudhan: \fqa*\ft Saantiin maallaqaa yookiin meeti'ii takkaan, hojjataa tokkoof mindaa guyyaa tokkoo ti\ft*\f* qaddu takka kudhan san keessaa takkaan yoo badde, ifa issitee, mana ifii hartee haga dhaggitutti miidhassitee hin barbaaddii motii? \v 9 Yennaa dhaggite lansootaa fi olloota ifii waantee, ‹Saantii Maallaqaa tiyya, ta na duraa badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!› isaaniin hin jetti. \v 10 Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi'u ergantooti Waaqaa hin gammadan» jedhe. \s1 Mammaassa Ilma Badee \p \v 11 Yesuus itti aansee, «Namichi tokko ilmaan lamaan qaba. \v 12 Maandhich abba'aan ‹Abbaa kiyya, karra teeti keessaa qooda na gewu naaf kenni!› jedhe. Maarre abbaan karra ifii isaaniif qoode. \v 13 Guyyoota diqqa'aan duuba ilmi maandhich karra isa geette mara wolitti qabatee gara biyya fago'oo deeme; achitti le'ii badduu le'iisaan karra ifii mara bittinneesse. \v 14 Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate. \v 15 Maarre worra biyya sanii keessaa namicha tokkoof hujiisaaf itti gale; namichille akka inni booyyee isaa tissuuf gara fichaa ifii erge. \v 16 Inni qollofa booyyeen nyaattu nyaatee gadhaa guutatiisaaf kajeele, ammoo namuu wo itti hin kennine. \p \v 17 «Duuba inni gara yaada ifii deebi'ee, ‹Hojjattooti abbaa kiyyaa ta sagalee nyaattee hambaa hambittu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du'aara. \v 18 Ka'ee gara mana abbaa kiyyaa dhaqee, abbaa kiyyaan: Ani Waaqaa fi si yakkeera; \v 19 haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle; hojjattoota teeti keessaa akka hojjataa tokkoo na godhadhu jedhaan› jedhe. \p \v 20 «Maarre inni ka'ee gara abbaa ifii deebi'e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate. \p \v 21 «Ilmi isaa ammoo, ‹Abbaa kiyya, ani Waaqaa\f + \fr 15:21\fr*\fqa Waaqa: \fqa*\ft Hiikkaan gariin ol-gubbaa jedha\ft*\f* fi si yakkeera. Haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle› jedheen. \p \v 22 «Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, ‹Ariifadha'aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida'aatii itti uffisa'a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya'a! \v 23 Achiin duuba dardara coomaa fida'aatii qala'a, nyaataa jilifanna. \v 24 Ilmi kiyya kun du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera, badeeraayyu amma ammoo dhaggameera› jedhe. Maarre isaan jilifachuu jalqabane. \p \v 25 «Yennaa tana ilmi angafichi fichaa keessa jiraayyu. Yennaa deebi'ee manatti dhikaate weeddu'uu fi sirba dhage'e. \v 26 Maarre inni tajaajiltoota keessaa tokko gara ifii waamee, ‹Maanti maan te'e?› jedhee gaafate. \v 27 Tajaajilaan deebisee, ‹Obboleessa keetittuu deebi'ee gale; waan inni nageyaa fi fayya'aan galeef, abbaan keeti dardara coomaa qalchiise› jedheen. \v 28 Ilmi angafichi aaree mana seenuu dide; maarre abbaan gad itti bayee, akka inni mana seenuuf isa magannifate. \v 29 Inni ammoo deebisee abbaa ifiitiin, ‹Ilaa, ani woggoota kana duudii akka garbichaa si'iif hujaa ture, ajaja keetille ijjumaa didee hin beeku; ati ammoo akka ani lansoota tiyya woliin gammaduuf buruusoo re'e'eelle ijjumaa naaf kennitee hin beettu! \v 30 Amma ammoo ilmi keeti kun karra teeti sagaagaltoota woliin fixee, deebi'ee dhufee jennaan, dardara coomaa isaaf qalte!› jedhe. \v 31 Abbaan deebisee, ‹Ilma kiyya, ati yennaa mara na woliin as jirta, wonni ani qabulle maraa teeti. \v 32 Obboleessi keeti kun ammoo du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera; badeeraayyu amma ammoo dhaggameera; waan kanaaf nuuti jilifannee gammaduu qanna› jedheen» jedhe. \c 16 \s1 Mammaassa Toowataa Qaro'oo \p \v 1 Yesuus barattoota ifiitiin, «Namichi dureessi tokko, toowataa mana isaa toowatu qabaayyu. Toowataan kun akka karra isaa balleessaaru dureessichatti himane. \v 2 Maarre namichi dureessichi toowataa san waamee, ‹Marroo teeti wonni ani dhage'u kun maan? Ati haganaa achi toowataa kiyyaa waan hin teeneef, herrega toowatumma'aan itti hujje natti kenni› jedheen. \v 3 Toowataan sun gadhaa ifii keessatti, ‹Amma goottaan kiyya toowatummaa tana na irraa fuudhaara, maan godhu naa woyya? Hin qotadha'atti hin dande'u, hin kadhadha'atti hin fokkifadha. \v 4 Yennaa toowatummaa irraa ari'ame akka namooti gara mana ifii na fudhatanuuf, ani waan godhu hin beeka!› jedhe. \v 5 Achiin duuba worra liqaa goottaa isaa qabu tokko tokkoon waamee, ka duraatiin, ‹Liqaa goottaa kiyyaa meeqa ifi irraa qadda?› jennaan, \v 6 namichi deebisee, ‹Zayitii ejersaa okkotee dhibba› jedhe. Maarre toowataan, ‹Galmee keeti hoo'o; ariifadhuu shantama jedhii barreessi›. \v 7 Ammalle toowataan, nama liqaa goottaa isaa qabu dhibi'iin, ‹Liqaa gootta'aa meeqa qadda?› jedhee gaafate. Namichille deebisee, ‹Qamadii daawullaa shantama\f + \fr 16:7\fr*\fqa Daawullaa shantama: \fqa*\ft Qamadii gaashaa tokko irraa gale te'uu dande'a\ft*\f*› jedhe. Toowataan, ‹Galmee keeti hoo'o; dhibba saddeeti jedhii barreessi› jedheen. \v 8 Goottaan, toowataa hin addatanne san mala inni dhowateef jaje. Kun ijoolleen lafa tanaa ijoollee ifaa caalaa worra isaan fakkaatu woliin wolitti dhikeenna qabanuun\f + \fr 16:8\fr*\fqa Wolitti dhikeenna qabanuun: \fqa*\ft Waan mataa ifiitiif, le'ii lafa tanaatiin\ft*\f* malaameyyii akka te'ane mudhisa. \v 9 Ani isinitti hima, yennaa karri teessan hobbaate, akka isaan gara mana bara baraan itti leetanuu isin fudhatanu, karra dabaa ta lafa tanaatiin fira baafadha'a! \p \v 10 «Nami waan diqqo'oon addatamaa te'e waan guddoolle'een addatamaa hin te'a. Nami waan diqqo'oon hin addatanne, waan guddoolle'een hin addatamu. \v 11 Yoo isin karra biyya lafaa tanaan hin addatamin, eentu addatee karra dhuga'aa isinitti kenna ree? \v 12 Isin karra worra dhibi'iitiin yoo hin addatamin, karra isiniif teetu eentu isiniif kenna ree? \p \v 13 «Nami tokko garba goottaa lamaa te'iisaaf hin dande'u, tokkocha jibbee, kaan hin jaalata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan hin tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beesee tajaajiliisaaf hin dandeettanu» jedhe.\x - \xo 16:13 \xo*\xt Mat. 6:24\xt*\x* \s1 Seeraa Fi Mootummaa Waaqaa \r (Mat. 11:12-13) \p \v 14 Fariisaayoti worri beesee jaalatanu yennaa waan Yesuus dubbate kana dhage'ane isa ceeggatane. \v 15 Yesuus ammoo isaaniin, «Isin yennaa maraa balchoota ifi gootanee ilaaltan, Waaqi ammoo waan gadhaa keessan keessa jiru dhagga, wonni nama duratti ulfaataa fakkaatee mudhatu, Waaqa duratti tuffatama'a. \v 16 Seerri Muuse'eetii fi kitaaboti raagotaa haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hujaa turane. Haga mootummaan Waaqaa odeeffanteen jalqabee nami martinuu itti galiisaaf jabeennaan wodhaaneera. \v 17 Ammoo Seera keessaa bixxilleen\f + \fr 16:17\fr*\fqa Bixxilleen: \fqa*\ft Boqqoorri qubee takka'aa\ft*\f* addee dhidhattu ol-gubba'aa fi latti tartu irra kaso'o. \p \v 18 «Nami haadha manaa ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu maraa hin gaarayyeeffata. Akkasuma dubartii abbaan manaa lakkise ka fuudhu hin gaarayyeeffata.\x - \xo 16:18 \xo*\xt Mat. 5:32; 1 Qor. 7:10-11\xt*\x* \s1 Namicha Dureessaa Fi Alaazar \p \v 19 «Namichi dureessi woyaa dhiillee dansittii, ta gatii guddo'oo uffataa, guyyaa mara qananumma'aan le'u tokko jira. \v 20 Namichi hiyyeessi tokko, ka Alaazar jedhamu, ka nafi isaa duudiin mammadaayeeru balbala namicha dureessichaa dura irkateeraayyu. \v 21 Inni waan qorii namicha dureessichaa irraa harca'e nyaatiisaaf halcha. Sareelle dhuttee madaa isaa arraabbatti. \v 22 Namichi hiyyeessi duunaan, ergantooti Waaqaa fuudhanee cinaa Abrahaamii geessane. Namichi dureessichille du'ee awwaalame. \v 23 Inni qilee\f + \fr 16:23\fr*\fqa Qilee: \fqa*\ft Addee worri du'e wolitti qabamu\ft*\f* keessatti rakkataa adoo jiruu, yennaa ol ilaale, fago'otti Abrahaam dhagge; Alaazarille cinaa isaatitti dhagge. \v 24 Maarre inni Abrahaamiin, ‹Abbaa kiyya Abrahaam naa nayi! Ani bobe'a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya naaf qabbaneessu maganne'ee naa ergi› jedhee waammate. \p \v 25 «Abrahaam deebisee, ‹Lansa kiyya, ati bara jiruu teeti ta lafaa, waan dansaa dhaggattee akka gammadde qaabadhu; Alaazar ammoo rakkataa ture. Amma inni gammadiisatti jira, ati ammoo guddoo rakkatiisatti jirta. \v 26 Tana maraa irratti, akka worri asii gara keessan, worri achiille as gara keenna hin qaxxaamurre, bowwaan guddaan nu wodhakkaa jira› jedheen. \v 27 Namichi dureessichi ammoo, ‹Abrahaam, yoona akka Alaazar gara mana abbaa kiyyaa ergitu si kadhadha. \v 28 Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaanille as addee rakkinnaa tana akka hin dhunne dhaqee ifi eeggachiisuu ti› jedhe. \p \v 29 «Abrahaam deebisee, ‹Isaan Muuse'ee fi raagota qaban, dubbii isaanii dhage'anuu ti› jedhe. \v 30 Achiin duuba namichi dureessichi, ‹Waawwoo, abbaa kiyya Abrahaam, nami tokko du'aa ka'ee adoo dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ifii irraa hin deebi'an› jedhe. \v 31 Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse'ee fi raagota dhage'uu yoo dhabane, yoo nami tokko du'aa ka'elle hin dhugeeffatanu› jedheen» jedhe. \c 17 \s1 Namoota Gufachiisuu Irraa Ifi Eeggachuu \r (Mat. 18:6-7,21-22; Mar. 9:42) \p \v 1 Yesuus barattoota ifiitiin, «Wonni kolbaa gufachiisu dhufuu hin dhaddu; ammoo nama gufachiisu saniif aanne'e! \v 2 Worra didiqqaa kana keessaa tokkocha gufachiisu'uu mannaa, dhakaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee abbaaya'atti adoo gatamee isaaf woyya. \v 3 Maarre isin ifi eeggadha'a; obboleessi keeti yoo si yakke, jabeessii gorsi\f + \fr 17:3\fr*\fqa Jabeessii gorsi: \fqa*\ft Xixi\ft*\f*; yoo inni yakkaa ifii irraa deebi'e isaaf araaram.\x - \xo 17:3 \xo*\xt Mat. 18:15\xt*\x* \v 4 Guyya'atti yennaa torba si yakkee, guyya'atti yennaa torba deebi'ee gara keeti dhufee, ‹Ani yakkaa irraa deebi'eera› yoo si'iin jedhe isaaf araaram» jedhe. \s1 Dhugeeffannaa \p \v 5 Ergantooti Gootta'aan, «Dhugeeffannaa teenna ede'i» jedhane. \v 6 Goottaan deebisee, «Dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici'ii geettu adoo qabaattanee, qilxaa kanaan, ‹Hiddaan buqqa'ii abbaayaa keessatti dhaabami!› yoo jettane, innille isiniif hin ajajama» jedheen. \s1 Waan Tajaajilaa Irraa Barbaadamu \p \v 7 Yesuus, «Isin keessaa nami tokko tajaajilaa qotii qotu yookiin hoolee tissu yoo qabaate, tajaajilaan sun addee huji'iitii yennaa galu, ‹Koy as tee'ii sagalee nyaadhu!› hin jedhanii? \v 8 Addee tana jedhu, ‹Sagalee naaf qopheessii, haga ani nyaadhee unutti woyaa teeti marxifadhuu naaf ergami! Achiin duuba atille hin nyaata hin unta› hin jedhanii motii? \v 9 Inni, tajaajilaa kana waan inni isa ajaje waan muummesseef hin galateeffataa? \v 10 Maarre isinille waan ajajantane maraa yennaa muummessitane, ‹Nuuti tajaajiltoota woy hin baane; nuuti waan tolchu'uu malle callaa tolchine› jedha'a!» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Nama Kudhan Fayyise \p \v 11 Yesuus adoo Yerusaalem dhaquu, meessaa Samaariya'aatii fi Galiila'aatiin dabare. \v 12 Adoo inni gara ollaa tokkoo seeniisatti jiruu, namooti kudhan ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibamaneeranu tokko itti dhufane. Isaan fagoo dhaabbatanee, \v 13 qoonqoo guddo'oon, «Yesuus! Gootta'a! Nuu nayi!» jedhaneen. \v 14 Yesuus yennaa isaan dhagge, isaaniin, «Dhaqa'aatii hayyootatti ifi mudhisa'a!» jedhe. Isaan adoo dhaqiisatti jiranuu fayyane. \v 15 Isaan keessaa tokkochi akka fayye yennaa dhagge, qoonqoo guddo'oon Waaqa galateessaa, deebi'ee dhufe. \v 16 Miila Yesuusiititti jigee isa galateeffate; inni nama Samaariya'aa ti. \v 17 Yesuus, «Namooti kudhanuu fayyanee motii? Nami sagali meet ree? \v 18 Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi'e hin jiruu?» jedhee gaafate. \v 19 Achiin duuba Yesuus namichaan, «Ol ka'ii deemi; dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedhe. \s1 Dhufiisa Mootummaa Waaqaa \r (Mat. 24:23-28,37-41) \p \v 20 Worri Fariisaayotaa gariin mootummaan Waaqaa yoom akka dhuttu Yesuus gaafatane. Inni deebisee, «Mootummaan Waaqaa karaa nami eeguun hin dhuttu. \v 21 Eennulle, ‹Ilaa, as jirti!› yookiin, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababille, mootummaan Waaqaa isin keessa\f + \fr 17:21\fr*\fqa Isin keessa: \fqa*\ft Yookiin odduu teessan\ft*\f* jirti» jedhe. \v 22 Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Yennaan isin guyyoota Ilma Namaa keessaa, guyyaa tokko dhaggiisaaf halchitanu hin dhutti, ammoo hin dhaggitanu. \v 23 Namooti isiniin, ‹Kuunnoo achi jirti!› yookiin ‹Kunoo asi jirti!› hin jedhan. Isin ammoo hin dhaqina'a; faanalle hin fiigina'a! \v 24 Akkuma balaqqeettiin gubba'aa balaqqittee gara tokkoo haga gara kaaniititti issitu, guyyaa Ilmi Namaa dhufu akkasuma hin te'a. \v 25 Ammoo kanaan dura, Ilmi Namaa dhaloota kanaan guddoo rakkatu'uu fi jibbamuu qaba. \p \v 26 «Bara Nohiititti akkuma te'ee, bara Ilma Namaatittille akkasuma hin te'a. \v 27 Haga guyyaa Nohi hoboloo guddo'otti galuutitti, kolbaan nyaataa unaa, fuudhaa heerumaa turte, bisaan badi'iille dhufee isaan maraa balleesse. \v 28 Bara Looxiille akkuma kana te'e; kolbaan nyaataa unaa, bitataa gurgurataa, midhaan dhaabaa, ijaarrataa turte. \v 29 Guyyaa Loox Sodoomii baye ammoo, ibiddii fi dhakaan bobe'u ol-gubba'aa roobee isaan maraa fixe. \v 30 Guyyaa Ilmi Namaa mudhatuttille akkasuma hin te'a. \p \v 31 «Guyyaa san nami mana gubbaa jiru, ka mey\f + \fr 17:31\fr*\fqa Mey: \fqa*\ft Miyyi\ft*\f* isaa mana keessa jiru, fudhatiisaaf gad bu'ee gara manaa hin deebi'in.\x - \xo 17:31 \xo*\xt Mat. 24:17-18; Mar. 13:15-16\xt*\x* \v 32 Haadha manaa ta Looxii qaabadha'a! \v 33 Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin dhaba; nami jiruu ifii dhabu ammoo jiruu ifii hin fayyifata. \v 34 Ani isinitti hima, halkan san nami lamaan taqee takkattii irra hin rafa, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa. \v 35 Dubartiin lamaan woliin daakuu daatti, takkattiin hin fudhatanti, tuun ammoo hin hatti. \v 36 [Nami lamaan fichaa tokko keessa hin jiraata, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa]\f + \fr 17:36\fr*\ft Barreeffam durii durii gariin laakkossa 36 hin qabu\ft*\f*» jedhe. \v 37 Barattooti isaa, «Gootta'a, eessatti?» jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, «Addee reeffi jirutti allaatiin yaati» jedhe. \c 18 \s1 Mammaassa Haadha Hiyyeessaatii Fi Abbaa Mura'aa \p \v 1 Achiin duuba Yesuus barattooti isaa yennaa mara akka daadimatanuu fi daadimatiisa akka hin dadhanne barsiisiisaaf mammaassa itti mammaakee: \v 2 «Abbaan mura'aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessine tokko qachaa tokko keessa jira. \v 3 Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna'aan gara isaa deddeebi'aa, ‹Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa naaf muri› jedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti. \v 4 Abbaan mura'aa yennaa hedduu wo godhuu dide; duuba ammoo, ‹Waaqa sodaa yookiin nama ulfeessuu yoo dhabelle, \v 5 haati hiyyeessaa tun ittuma waan na rakkittuuf, akka isiin yennaa mara dhufaa na hin hifachiinne isi'iif hin mura› jedhee ifiin dubbate» jedhe. \v 6 Goottaan, «Waan abbaan mura'aa jallaamessi sun jedhe dhage'aa! \v 7 Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan qarqaariisaaf hin hancaaraa? \v 8 Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te'uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?» jedhe. \s1 Mammaassa Fariisaayichaatii Fi Namicha Qaraxa Guuruu \p \v 9 Yesuus namoota garii ka balchoolee ifi seyanee, worra kaan tuffatanutti, mammaakee: \v 10 «Nami lamaan daadimatiisaaf gara Galma Waaqaa dhaqe: tokkochi Fariisaayicha, kuun namicha qaraxa guuru. \v 11 Fariisaayichi qofuu dhaabbatee, ‹Waaqa, ani akka worra dhibi'ii: saantuu, jallaamessa, gaarayyeeffataa, yookiin keessattuu akka namicha qaraxa guuru kanaa, waan te'uu dhabeef si galateeffadha. \v 12 Torbaan keessatti yennaa lamaan laama; waan dhaggadhu mara keessalle'ee kudhan keessaa tokko si'iif kenna› jedhee daadimate. \v 13 Namichi qaraxa guuru sun ammoo, fagaatee dhaabbatee, gara ol-gubba'aalle adoo hin ilaalin, qoma dhodhowataa, ‹Waaqa, na cubbicha marari!› jedhe. \v 14 Ani isinitti hima, Fariisaayicha saniin irra namichi qaraxa guuru kun Waaqa duratti balchoomee gara mana ifii deeme. Nami ifi guddisu hin diqqaata, nami ifi diqqeessu hin guddata» jedhe. \s1 Yesuus Daa'immaan Eebbise \p \v 15 Yesuus harka ifiitiin qaqqabee akka eebbisuuf namooti gariin daa'immaan gara isaa fidane. Barattooti isaa yennaa tana dhaggane, xixanee isaan dhooggane. \v 16 Yesuus ammoo ijoollee gara ifii waamee, «Mootummaan Waaqaa ta worra akka kanaa waan teeteef, lakkisa'a, ijoolleen gara kiyya dhuttuu ti, hin dhooggina'a. \v 17 Ani dhugumaan isinitti hima, eennulle ka mootummaa Waaqaa akka daa'imaa hin fudhanne, ijjumaa itti hin galu» jedhe. \s1 Namicha Dureessa Tokko \r (Mat. 19:16-30; Mar. 10:17-31) \p \v 18 Bulchaan Yihudootaa tokko, «Barsiisaa dansaa, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf ani maan godhuu male?» jedhee Yesuus gaafate. \v 19 Yesuus deebisee, «Maaf dansaa anaan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru. \v 20 Ati ajaja, ‹Hin gaarayyeeffatin, hin ijjeesin, hin hatin, dharaan dhugaa hin bayin, abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni!› jedhu hin beetta» jedhe. \p \v 21 Namichi deebisee, «Kana maraa ijoollumma'aan jalqabee eeggadheera» jedhe. \v 22 Yesuus yennaa kana dhage'e namichaan, «Ammalle wonni godhuu malte tokkochi hafeera. Waan qaddu duudii gurguriitii hiyyeeyyi'iif qoodi, ol-gubba'atti hin duroonta; achiin duuba koyiitii na hordof!» jedhe. \v 23 Namichi ammoo yennaa tana dhage'e, guddoo dureessa waan te'eef, guddoo gadde. \v 24 Yesuus akka namichi gadde dhaggee, «Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam attam rakkisa'a! \v 25 Dhugumaan, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra, gaalli qowa limmo'oo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o» jedhe. \p \v 26 Worri kana dhage'e, «Yoona eentu fayyuu dande'a ree?» jedhee gaafate. \v 27 Yesuus deebisee, «Wonni namaaf hin dande'ane Waaqaaf hin dande'anti» jedhe. \p \v 28 Achiin duuba Pheexroos, «Kunoo, nuuti qe'ee teenna lakkinnee si hordonneerra» jedhe. \p \v 29 Yesuus deebisee, «Ani dhugumaan isinitti hima, nami mootummaa Waaqaatiif jedhee, mana yookiin obboleeyyan yookiin haadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ifii lakkise, \v 30 bara jiruu tanaatitti dachaa hedduu caalchisee hin fudhata; bara jiruu dhuttuutittille jiru bara baraa hin fudhata» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Marroo Du'a Ifii Sadeessoo Dubbate \r (Mat. 20:17-19; Mar. 10:32-34) \p \v 31 Yesuus barattoota kudhanii lamaan maddi'itti fuudhee, «Kunoo gara Yerusaalemii ol bayaarra, marroo Ilma Namaatiif ta raagotaan barreeffante maraa hin muummotti. \v 32 Inni harka worra Yihudoota hin te'iniititti dabarfamee hin kennama. Isaan itti hin taphatan, hin arrassan, ittille hin tufan. \v 33 Dhaananeen duuba hin ijjeesan, guyyaa sadiin duuba ammoo du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. \p \v 34 Barattooti ammoo waan kana keessaa womaa hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan duraa waan dhokatteertuuf waan Yesuus dubbate hubatiisaaf hin dandeenne. \s1 Yesuus Kadhatticha Ballaa Tokko Fayyise \r (Mat. 20:29-34; Mar. 10:46-52) \p \v 35 Yesuus Yeriko'otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee'ee kadhatiisatti jiraayyu. \v 36 Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage'ee, waan te'iisatti jiru gaafate. \v 37 Isaan, «Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira» jedhane itti himane. \v 38 Maarre inni, «Yesuus, Ilma Daawitii na marari!» jedhee iyye. \v 39 Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, «Ilma Daawitii, na marari!» jedhee iyye. \p \v 40 Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate, \v 41 Yesuus «Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. \p Inni deebisee, «Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada» jedhe. \p \v 42 Yesuus deebisee, «Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen. \v 43 Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite. \c 19 \s1 Yesuusii Fi Zakkewoos \p \v 1 Yesuus Yerikoo dhaqee keessa dabare. \v 2 Namichi Zakkewoos jedhamu tokko achi jiraayyu. Inni mootii worra qaraxa guuruutii fi nama dureessa. \v 3 Yesuus kam akka te'e beekiisaaf barbaadee, hojjaan isaa ammoo gabaadduu waan teeteef, gumiin waan heddatteef Yesuus dhaggiisaaf hin dandeenne. \v 4 Yesuus karaa saniin waan dabaraaruuf, isa dhaggiisaaf jedhee gumi'iin dura fiigee qilxaa tokko yaabe. \v 5 Yesuus addee san yennaa geye, ol ilaalee, «Zakkewoos, adha mana keeti ooluun waan naa maleef, dafii gad bu'i» jedheen. \v 6 Maarre inni dafee gad bu'ee gammadaan Yesuus fudhate. \v 7 Worri kana dhagge maraa, «Inni keessummumma'aaf mana cubbichaa dhaqe» jedhee gungume. \p \v 8 Zakkewoos ol ka'ee dhaabbatee Gootta'aan, «Gootta'a! Ani wol qixxee karra tiyyaa hiyyeeyyi'iif hin qooda, eennulle irraa sobee yoo wo fudhadhee jiraadhe, harka afur hin deebisaaf» jedhe. \p \v 9 Yesuus isaan, «Namichi kunille ilma Abrahaamii waan te'eef, adha fayyinni mana kanaaf dhufeera. \v 10 Ilmi Namaa ka bade barbaadee fayyisiisaaf dhufeera» jedhe. \s1 Mammaassa Worra Saantimiin Worqi'ii Itti Kennantee \r (Mat. 25:14-30) \p \v 11 Adoo isaan tana dhage'iisatti jiranuu, Yesuus Yerusaalemitti waan dhikaateeruuf, sababa kolbaan mootummaan Waaqaa yennuma san waan mudhattu seeteertuuf, itti mammaakee, \v 12 «Nami ulfinnaa\f + \fr 19:12\fr*\fqa Nami ulfinnaa: \fqa*\ft Abbaan qoro'oo\ft*\f* tokko mootii te'ee deebi'iisaaf, biyya fago'oo dhaqe. \v 13 Inni tajaajiltoota ifii keessaa kudhan waamee, saantimii worqi'ii kudhan itti kennee, ‹Haga ani deebi'utti daddala'aatii bu'aa buusa'a› jedhe. \v 14 Kolbaan biyya isaa ammoo isa jibbitee, ‹Namichi kun akka mootii keenna te'u nuuti hin barbaannu› jettee ergantoota isa faana ergite. \p \v 15 «Nami ulfinnaa sun mootii te'een duuba deebi'ee dhufe. Achiin duuba, beesee inni kenneen daddalanee, bu'aa isaan buufatane beekiisaaf tajaajiltoota ifii waansise. \v 16 Tajaajilaan duraa dhufee, ‹Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati natti kenniteen, saantimii worqi'ii harka kudhan buufadheera› jedheen. \v 17 Mootichi isaan, ‹Tajaajilaa kiyya dansa'a, dansaa goote! Waan akka malee diqqoo irratti waan addatanteef, ani qachoota gugurdoo kudhan irratti itti gaafatamummaa si'iif hin kenna› jedhe. \v 18 Tajaajilaan lammeesso'oolle dhufee, ‹Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati natti kenniteen harka shan buufadheera› jedhe. \v 19 Mootichi isaan, ‹Atille, qachoota gugurdaa shan irratti itti gaafatamaa hin teeta› jedhe. \v 20 Achiin duuba tajaajilaan dhibiin dhufee, ‹Gootta'a, saantimiin worqi'ii teeti kunoo ti; hoccu'uun maree dhosseera. \v 21 Ati nama hamaa waan teeteef ani si sodaadhe. Ati waan hin kuufatin fudhata, waan hin facaasinille haammatta› jedhe. \v 22 Goottaan isaa, isaan, ‹Tajaajilaa hama'a! Waanuma ati dubbatteen sitti mura. Ani nama hamaa akka te'e, waan hin kuufatin ka fudhadhu, waan hin facaasin ka haammadhu akka te'e eega beettee, \v 23 beesee tiyya worra dhalaan liqeeffatutti\f + \fr 19:23\fr*\fqa Worra dhalaan liqeeffatutti: \fqa*\ft Yookiin mana baanki'iititti maaf hin kuusin\ft*\f* maaf hin kennine ree? Silaa yennaa deebi'e, dhala woliin hin fudhadhaayyu› jedhe. \v 24 Achiin duuba inni worra achi dhaabbateeruun, ‹Saantimii worqi'ii san isa irraa fuudha'aatii tajaajilaa saantimii worqi'ii kudhan qabuuf kenna'a!› jedhe. \v 25 Isaan ammoo, ‹Gootta'a, inni duruu kudhan qaba!› jedhaneen. \v 26 Mootichi deebisee, ‹Ani isinitti hima, nama qabuuf itti dabalamee hin kennama; nama hin qanne ammoo ka inni qabuuyyu irraa hin fudhatama.\x - \xo 19:26 \xo*\xt Mat. 13:12; Mar. 4:25; Luq. 8:18\xt*\x* \v 27 Amma ammoo diinota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii hin teene barbaadane, as fida'aatii ila tiyya duratti gorra'a'a!› jedheen» jedhe. \s1 Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene \r (Mat. 21:1-11; Mar. 11:1-11; Yoh. 12:12-19) \p \v 28 Yesuus tana dubbateen duuba isaaniin dura garuma duraa gara Yerusaalemii ol deeme. \v 29 Yennaa addee gaara ejersaa jedhantutti, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti dhikaate, barattoota ifii keessaa lamaaniin, \v 30 «Gara olloota isiniin duraa dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan. Hiika'aatii as fida'a. \v 31 Eennulle, ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gootta'atti barbaada› jedha'aan» jedhe. \v 32 Maarre worri ergamane dhaqanee, akkuma Yesuus isaanitti hime teeteen dhaggane. \v 33 Adoo isaan ilmayyoo harre'ee san hiikiisatti jiranuu, worri harre'ee, «Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?» jedhee isaan gaafate. \p \v 34 Isaan deebisanee, «Gootta'atti barbaada» jedhane. \v 35 Achiin duuba isaan harree san gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii irra buusanee Yesuus irra teessisane. \p \v 36 Adoo Yesuus yaabbatee ideemuu, kolbaan woyaa ifii kara'atti atte. \v 37 Yennaa inni karaa gaara ejersaa irraa gad buusutti dhikaate, gumiin barattoota isaa duudiin, hujii bilbaasaa dhaggite maraaf gammaddee, qoonqoo guddo'oon, \v 38 «Mootiin maqaa Gootta'aatiin dhufu ka eebbifame! Ol-gubba'atti nageenni, olii ol-gubba'aatille ulfinni te'u!» jedhaa Waaqa galateeffatte. \p \v 39 Gumii san keessaa Fariisaayoti gariin, «Barsiisa'a, barattooti teeti akka cadhisanuuf xixi!» Yesuusiin jedhane. \v 40 Yesuus ammoo deebisee, «Ani isinitti hima, yoo isaan cadhisane, dhakooti hin iyyan» jedhe. \s1 Yesuus Yerusaalemiif Bowe \p \v 41 Yesuus itti dhikaatee qachaa Yerusaalemii yennaa dhagge, boweefii, \v 42 «Adhumalle waan nageya si'ii fidu adoo beettee jiraattaa! Amma ammoo ila teeti duraa dhokateera! \v 43 Guyyooti diinoti keeti dalleya marsanee sitti ijaaranee, si marsanee, karaa maraan sitti cufanu hin dhufa. \v 44 Bara Waaqi itti si fayyisiisaaf dhufe waan hin beenneef, si'ii fi ijoollee\f + \fr 19:44\fr*\fqa Ijoollee: \fqa*\ft Kolbaa\ft*\f* teeti ta dalleya keeti keessa jirtu ijjumaa hin balleessan. Dhakaa tokkochalle wol irratti si'iif hin lakkisanu» jedhe. \s1 Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe \r (Mat. 21:12-13; Mar. 11:15-19; Yoh. 2:13-22) \p \v 45 Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra achitti wo gurguratu alatti yaase. \v 46 Inni isaaniin, « ‹Manni kiyya mana daadimataa te'a› jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane» jedhe. \p \v 47 Yesuus guyyaa mara Galma Waaqaa keessatti barsiise. Sooreyyiin hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi sooressitooti kolba'aa isa ijjeesiisaaf barbaadane.\x - \xo 19:47 \xo*\xt Luq. 21:37\xt*\x* \v 48 Te'uu malee, kolbaan martinuu yaada guutu'uun dubbii isaa dhage'iisatti waan jirtuuf isa wo godhiisaaf karaa hin dhagganne. \c 20 \s1 Gaaffii Marroo Baallii Yesuusiitii Dhikaatte \r (Mat. 21:23-27; Mar. 11:27-33) \p \v 1 Gaafa tokko Yesuus Galma Waaqaa keessatti kolbaa barsiisiisaa fi Oduu Gammadaa lallabiisatti adoo jiruu, sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, maanguddoota woliin gara isaa dhufanee, \v 2 «Baallii maaniitiin waan kana goota? Eentu baallii tana si'iif kenne? Nutti himi!» jedhaneen. \v 3 Inni deebisee, «Anille gaaffii tokko isin gaafadha; \v 4 cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa moo, nama irraa dhutte? Natti hima'a!» jedhe. \p \v 5 Isaan waan kana irratti mari'atanee, « ‹Waaqa irraa› yoo jenne, ‹Maaf dubbii isaa hin dhugeeffatin ree?› nuun jedha. \v 6 ‹Nama irraa› yoo jenne ammoo, kolbaan martinuu akka raagaa tokkootitti Yohaannis waan dhugeeffatteertuuf, dhaka'aan nu tunti» woliin jedhane. \v 7 Maarre isaan, «Eessaa akka dhutte nuuti hin beennu» jedhanee deebisane. \v 8 Yesuus deebisee, «Anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe. \s1 Mammaassa Qonnaan Bultoota Fichaa Woyni'ii \r (Mat. 21:33-46; Mar. 12:1-12) \p \v 9 Yesuus itti aansee mammaassa kana kolba'atti mammaakee, «Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, qonnaan bultootaaf kireessee, biyya fago'oo dhaqee achi ture. \v 10 Yennaan guuranu geennaan, qooda midhaan woyni'ii ka isa gewu akka itti kennanuuf garbicha ifii tokko gara qonnaan bultootaa erge. Isaan ammoo isa dhaananee harka duwwaa ari'ane. \v 11 Maarre inni garbicha dhibii itti erge; isaan isalle dhaananee salphisanee harka duwwaa ari'ane. \v 12 Inni ammalle garbicha sadeesso'oo itti erge; isaan isaalle madeessanee alatti darbane. \v 13 Achiin duuba abbaan muka woyni'ii, ‹Ani maan godhu? Ilma kiyya jaalatamaa itti erga; isa hin ulfeessan fa te'a› jedhe. \v 14 Qonnaan bultooti ammoo yennaa isa dhaggane, ‹Kun ka dhaalu; akka dhaalli nu'uuf te'u, kowaa isa ijjeennaa!› jedhanee mari'atane. \v 15 Maarre isaan fichaa muka woyni'ii keessaa alatti isa darbanee ijjeesane. \p «Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan isaan godha laati? \v 16 Inni hin dhufa, qonnaan bultoota san hin ijjeesa, fichaa muka woyni'iille worra dhibi'itti hin kennata» jedhe. \p Kolbaan tana yennaa dhageette, «Hanqisi!» jette. \p \v 17 Yesuus ammoo isaan laalee, \q1 «‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, \q2 dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e› \q2 jedhante ta barreeffante maan jechu'u ree? \m \v 18 Nami dhakaa san irratti jigu maraa hin caccaba; nami dhakaan sun irratti jigu ammoo hin bututa» jedhe. \p \v 19 Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi sooreyyiin hayyootaa akka Yesuus mammaassa kana marroo isaaniitiif mammaake beekanee, yennuma san isa qabiisaaf barbaadane; ammoo kolbaa sodaatane. \s1 Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibiraa \r (Mat. 22:15-22; Mar. 12:13-17) \p \v 20 Isaan Yesuus baalli'ii fi hunna bulchaa worra Rooma'aatitti dabarsanee kenniisaaf, waan inni dubbatuun qaxafiisaaf isa gaadane; maarre dootuu\f + \fr 20:20\fr*\fqa Dootuu: \fqa*\ft Miillammee\ft*\f* nama balchaa ifi fakkeessitu itti ergane. \v 21 Maarre dootuun, «Barsiisa'a, wonni ati dubbattuu fi barsiittu dhugaa akka teete nuuti hin beenna; nama adoo wol hin caalchisin karaa Waaqaa dhuga'aan hin barsiitta. \v 22 Mootii worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa moti?» jettee isa gaafatte. \v 23 Yesuus ammoo maltummaa isaanii dhaggee, \v 24 «Beesee\f + \fr 20:24\fr*\fqa Beesee: \fqa*\ft Kitaab Giriikii dinaara jedha\ft*\f* ittiin bitaa gurgurattanu takka natti mudhisa'a; Fakki'ii fi barreeffama eennuutitti irra jira?» isaaniin jedhe. \p Jennaan, «Ka mooticha worra Rooma'aati» jedhane. \p \v 25 Maarre Yesuus isaaniin, «Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!» jedhe. \v 26 Isaan kolbaa san duratti waan inni dubbatteen isa qaxafiisaaf hin dandeenne. Deebii isaa baaseffatanee cadhisane. \s1 Gaaffii Marroo Du'aa Ka'iisaa \r (Mat. 22:23-33; Mar. 12:18-27) \p \v 27 Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhanu, gara Yesuusii dhufanee,\x - \xo 20:27 \xo*\xt HuE. 23:8\xt*\x* \v 28 «Barsiisa'a, Muuseen, ‹Nami tokko niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuuti› jedhee nu'uuf barreesseera. \v 29 Obboleeyyan torba, tokko jiran. Angafichi isaanii niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin du'e. \v 30 Obboleessi isatti aanulle, haadhuma hiyyeessaa san dhaalee ijoollee adoo hin uumatin du'e; \v 31 achiin duuba obboleessi sadeesso'oolle isii dhaale. Akkasuma obboleeyyan torbaanuu adoo isii irraa ijoollee hin uumatin duute. \v 32 Muummee irratti dubartittiille duute. \v 33 Amma, isaan torbaanuu niitumma'aan isii waan fuudhaneeranuuf, guyyaa du'aa ka'iisaa isiin eennuuf haadha manaa teeti ree?» jettee gaafatte. \v 34 Yesuus deebisee, «Worri biyya lafa tanaa hin fuudha, hin heerumalle'e; \v 35 worri du'aa ka'iisaa fi biyya lafaa ta dhuttu keessatti le'iisaaf malane ammoo, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e. \v 36 Isaan akka ergantoota Waaqaa waan te'aneef, deebi'anee hin du'anu; waan du'aa ka'aneeranuufille ijoollee Waaqaa hin te'an. \v 37 Muuseenuu, dabarsii marroo tusee gubattuu keessatti, Gootta'aan, ‹Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii› jedhee waan waameef, worri du'ane akka du'aa ka'anu mudhiseera. \v 38 Martinuu isaaf jiraataa waan te'aneef, inni Waaqa worra jiraata'aa ti malee Waaqa du'ootaatii moti» isaaniin jedhe. \v 39 Barsiisoti Seera Muuse'ee gariin deebisanee, «Barsiisaa, dansaa dubbatte» jedhane. \v 40 Achiin duuba isaan deebi'anee gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne. \s1 Gaaffii Marroo Masiihii \r (Mat. 22:41-46; Mar. 12:35-37) \p \v 41 Achiin duuba Yesuus, «Attamiin isaan, ‹Masiihiin\f + \fr 20:41\fr*\fqa Masiihiin: \fqa*\ft Kiristoos\ft*\f* Ilma Daawitii ti› jechu'uu dande'an?» jedhee isaan gaafate. \v 42-43 Daawiti ifiifuu kitaaba faaru'uu keessatti, \q1 «‹Goottaan Goottaa kiyyaan, «Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala kewutti, \q2 midda kiyyatti tee'i» jedheera› jedhe. \m \v 44 Daawiti, ‹Goottaa kiyya› jedhee yoo isa waame, attamiin Masiihiin ilma isaa te'a ree?» jedhe. \s1 Yesuus Barsiisota Seera Muuse'ee Irraa Ifi Eeggachiise \r (Mat. 23:1-36; Mar. 12:38-40; Luq. 11:37-54) \p \v 45 Kolbaan martinuu adoo dhage'iisatti jirtuu, Yesuus baratoota ifiitiin, \v 46 «Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dhedheertuu uffatanee asii fi achi ideemuu jaalatanu, addee dikko'ootitti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanu jaalatanu, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa dansaa, lafa jilaatittille addee ulfinnaa filatanu irraa ifi eegadha'a! \v 47 Isaan mana haadhotii hiyyeessaa sossanee, itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan. Muraa hantu'utti isaanitti murama» jedhe. \c 21 \s1 Kennaa Haadha Hiyyeessaa \r (Mar. 12:41-44) \p \v 1 Galma Waaqaa keessatti dureeyyiin subba kennansi itti kuufamu keessa, kennansa ifii buuttuun, Yesuus midhatee dhagge. \v 2 Haati hiyyeessaa hiyyeettiin takkalle saantimii sibiila diima'aa didiqqoo lamaan keessa buuttuun dhagge. \v 3 Inni, «Ani dhugumaan isinitti hima, haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun isaan mara caalaa keessa buutte. \v 4 Isaan martinuu qabeenna isaan geyee hafe irraa keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, kama ittiin bultu maraa keessa buutte» jedhe. \s1 Yesuus Diigamiisa Galma Waaqaa Dursee Dubbate \r (Mat. 24:3-14; Mar. 13:1-13) \p \v 5 Barattooti gariin Galmi Waaqaa dhakoota dadansa'aa fi kennansa Waaqaaf kennameen attam akka seefame dubbatane. Yesuus ammoo, \v 6 «Wonni isin dhaggitanu kun maraa, dhakaan tokkolle wol irratti hin hafu; yennaan inni itti diigamu hin dhutti» jedhe. \s1 Beessisa Bara Muumme'ee \r (Mat. 24:3-14; Mar. 13:3-14) \p \v 7 Isaan, «Barsiisaa, kun yoom te'a? Wonni kun te'iisaaf akka dhikaate beekiisaaf beessisi te'uuf jiru maan?» jedhanee gaafatane. \v 8 Yesuus deebisee, «Akka hin sobanne ifi eeggadha'a! Namooti hedduun, ‹Ani Kiristoos, Yennaalle dhikaateerti!› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isin ammoo isaan hin hordofina'a! \v 9 Woraanaa fi worraaqa kolba'aa yennaa dhageettane hin sodaatina'a! Wonni akkasii kun dursee te'uu male; ammoo muummeen yoosuma hin teetu» jedhe. \p \v 10 Inni itti aansee, «Gosi gosatti, mootummaan mootumma'atti hin kaati; \v 11 tacho'i lafaa guddaan, beeltii fi dhukkubi hamaan addee adde'etti hin te'an; wonni sodaachisuu fi beessisi gugurdaalle ol-gubbaa irraa hin mudhatan. \v 12 Wonni kun maraa adoo hin te'in dura, isaan isin hin qaban, hin miidhan\f + \fr 21:12\fr*\fqa Miidhan: \fqa*\ft Ari'an\ft*\f*; gara mana waaqonfannaa Yihudootaatii fi mana hidha'aa dabarsanee isin hin kennan; sababa kiyyaaf fuula moototaatii fi bulchitootaa dura isin hin geessan. \v 13 Kunille karaa dhugaa naa ittiin baatanu isiniif hin te'a. \v 14 ‹Maan jennee falmanna› jettanee akka hin yaanneef gadha'atti qabadha'a!\x - \xo 21:14-15 \xo*\xt Luq. 12:11-12\xt*\x* \v 15 Worri isiniin falmu tokkolle, isin dura dhaabbatiisaaf, yookiin isiniin mormiisaaf ka hin dandeenne, waan dubbattanuu fi qarummaa, aninuu isiniif hin kenna. \v 16 Haadhoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoottanii fi lansooti teessanuu dabarsanee isin hin kennan; isin keessaa garii hin ijjeesan. \v 17 Nami martinuu sababa kiyyaaf isin hin jibba. \v 18 Ammoo rifeensi mataa keessanii tokkolle hin badu. \v 19 Isin ciniinnattanee ossatiisaan jiruu hin dhaggattan» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Diigamiisaa Yerusaalemii Duraanuu Dubbate \r (Mat. 24:15-21; Mar. 13:14-19) \p \v 20 Yesuus itti aansee, «Yerusaalem loltootaan marfanteertuun yennaa dhaggitane diigamuun isi'ii akka dhikaate hin beettan. \v 21 Yennaa san worri Yihudaa keessa jiranu gara gaarotaatitti baqatanuu ti; worri qachaa keessa jiranulle keessaa bayanuu ti, worri baadiyyaa jiranulle qacha'atti hin deebi'in. \v 22 Guyyooti kun, ta barreeffante maraa akka muummottuuf, guyyoota adabbi'ii\f + \fr 21:22\fr*\fqa Guyyoota adabbi'ii: \fqa*\ft Guyyoota haluu baafataa\ft*\f* ti. \v 23 Guyyoota sanitti dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e! Lafa tana irratti rakkinni hamaan, kolbaa tana irrattille mufiin hin dhutti. \v 24 Gariin shallaaga'aan hin du'an, kuun gara biyya maraa\f + \fr 21:24\fr*\fqa Biyya maraa: \fqa*\ft Worra Yihudoota hin te'inii\ft*\f* hin booji'aman. Worri Yihudoota hin te'in haga yennaan isaanii muummottutti, Yerusaalem irra hin ejjatan» jedhe. \s1 Deebi'ee Dhufiisa Ilma Namaa \r (Mat. 24:29-31; Mar. 13:24-27) \p \v 25 Yesuus itti aansee, «Beessisi aduu, ji'aa fi urjoota irratti hin te'a. Bulpheessa abbaaya'aatii fi danbali'iitiin ka ka'e lafa irratti gosi duudiin sodaattee, waan gootu wollaalti. \v 26 Hunnooti\f + \fr 21:26\fr*\fqa Hunnooti: \fqa*\ft Urjoota fa'a ilaala; Raaga Isaayaasii 34:4\ft*\f* ol-gubba'aa waan raafamanuuf, kolbaan waan biyya lafaa irratti dhufaaru sodaattee eegatiisaan hin gaggaddi. \v 27 Achiin duuba Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan duumensa keessa dhufuun hin dhaggan. \v 28 Kun maraa te'iisa yennaa jalqabu, fayyinni keessan waan dhikaateeruuf, ka'aa dhaabbadha'aatii mataa keessan ol qabadha'a» jedhe. \s1 Barumsa Muka Harru'uu \r (Mat. 24:32-35; Mar. 13:28-31) \p \v 29 Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Muka harru'uutii fi mukoota maraa ilaala'a. \v 30 Yennaa baalli isaanii quunxuun dhaggitane, bonni akka dhikaate beettan. \v 31 Maarre isinille, tun maraa teetuun yennaa dhaggitane, mootummaan Waaqaa akka dhikaatte beeka'a. \v 32 Ani dhugumaan isinitti hima, tun maraa haga muummottutti dhalooti kun hin taru. \v 33 Ol-gubba'aa fi latti hin taran, Jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru» jedhe. \s1 Dammaqa'aa Ifi Eegadha'a \p \v 34 Yesuus itti aansee, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaadaa, yennaa teessan balleessitanuun, guyyaan sun akka tiyyo'oo dedhuma akka isin hin qanne ifi eegadha'a! \v 35 Guyyaan sun kolbaa lafa duudii irra leetu maraa irratti hin dhufa. \v 36 Waan te'uuf jiru maraa jalaa bayiisaa fi Ilma Namaa dura dhaabbatiisaaf akka dandeettanu, ifi eegadha'aa, yennaa mara daadimadha'a!» jedhe. \p \v 37 Yesuus guyyaa guyyaa Galma Waaqaa keessatti barsiisee, halkan halkan gara gaara ejersaa jedhamu gubbaa dhaqee bule.\x - \xo 21:37 \xo*\xt Luq. 19:47\xt*\x* \v 38 Kolbaan martinuu dubbii isaa caqasiisaaf barii halkaniin kaatee gara Galma Waaqaa dhaqaa turte. \c 22 \s1 Yesuus Ijjeesiisaaf Mari'atane \r (Mat. 26:1-5,14-16; Mar. 14:1-2,10-11; Yoh. 11:45-53) \p \v 1 Jilti Daabboo Uukoo Hin Qannee, ta Jila Irra Dabarama jedhantu dhikaatteertiiyyu. \v 2 Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee kolbaa waan sodaataneeranuuf, karaa Yesuus ittiin ijjeesanu barbaadane. \p \v 3 Achiin duuba Seexanni, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yihudaa nama biyya Keriyootii seene. \v 4 Maarre Yihudaan dhaqee sooreyyii hayyootaatii fi qondaaltota\f + \fr 22:4\fr*\fqa Qondaaltota: \fqa*\ft Dura aantota\ft*\f* eedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif kennu mari'ate. \v 5 Isaan guddoo gammadanee beesee isaaf kenniisaaf wolii galane. \v 6 Maarre Yihudaan wolii galee, addee gumiin hin jirretti Yesuus dabarsee isaaniif kenniisaaf, yennaa dagu'uu barbaadatiisatti ka'e. \s1 Qophii Sagalee Jila Irra Dabaramaa \r (Mat. 26:17-30; Mar. 14:12-21; Yoh. 13:21-30) \p \v 7 Achiin duuba guyyaan Jila Daabboo Uukoo Hin Qannee, ka hooleen Jila Irra Dabaramaa itti qalamuu qabu geye. \v 8 Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaannuuf, dhaqa'aatii nu'uuf qopheessa'a!» jedhee erge. \v 9 Isaan, «Eessatti akka qopheessinuuf barbaadda?» jedhanee isa gaafatane. \v 10 Inni deebisee, «Yennaa gara qacha'aa dhaxxanee seentane, nami tokko okkotee bisaanii ba'atee isin hin wolde'a; isa gula gara mana inni itti galuu dhaqa'a. \v 11 Abbaa manaatiin, ‹Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan› jedha'a. \v 12 Inni kolloo mana irraa badhoo, ta afantee meya manaatiin qophootte takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a!» jedheen. \v 13 Maarre isaan dhaqanee wonni maraa akkuma inni isaanitti hime teeteertuun dhagganee, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane. \s1 Irbaata Gootta'aa \r (Mat. 26:26-30; Mar. 14:22-26; 1 Qor. 11:23-25) \p \v 14 Saatiin geennaan, Yesuus ergantoota ifii woliin qori'itti hiiqee tee'e. \v 15 Inni isaaniin, «Ani adoo hin rakkatin dura sagalee Jila Irra Dabaramaa isin woliin nyaatiisaaf guddoo halcheera. \v 16 Ani isinitti hima, haga mootummaa Waaqaa keessatti muummottutti, ani deebi'ee sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaadhu» jedhe. \p \v 17 Achiin duuba Yesuus muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, «Hoo'aa, qoodama'a! \v 18 Ani isinitti hima, ammaan jalqabee haga mootummaan Waaqaa dhuttutti midhaan woyni'ii\f + \fr 22:18\fr*\fqa Midhaan woyni'ii: \fqa*\ft Yookiin daadhii midhaan woyni'ii irraa qophootte\ft*\f* irraa hin unu» jedhe. \v 19 Xaltaa daabbo'oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a!» jedhaa isaanitti kenne. \v 20 Akkasuma, sagalee galgalaatiin duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun dhiiga kiyya ka isinii dhangala'een, gondooroo haareya. \v 21 Ammoo kunoo, harki nama na dabarsee kennuu na woliin qorii keessa jira! \v 22 Ilmi Namaa akkuma murtoottetti hin du'a; ammoo nama isa dabarsee kennu saniif aanne'e!» jedhe. \v 23 Achiin duuba isaan, isaan keessaa waan kana ka godhu eennu akka te'e wol gagaafatane. \s1 Mormii Marroo Eentu Caala'aa \r (Mat. 18:1-5; 20:24-28; Mar. 9:33-37; 10:41-45; Luq. 9:46-50) \p \v 24 Isaan keessalle'ee eentu akka caalu odduu isaaniititti wol mormiin kaate. \v 25 Yesuus isaaniin, «Moototi worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii hin mowan; bulchitooti isaaniille, ‹Bu'aa buuttuu kolba'aa› ifiin jedhan.\x - \xo 22:25-26 \xo*\xt Mat. 20:25-27; Mar. 10:42-44\xt*\x* \v 26 Isin keessatti ammoo akkas hin te'in; isin keessaa caalaan akka maandhichaa te'uu ti; sooressille akka tajaajila'aa te'uu ti. \v 27 Ka caalu eennu? Ka sagalee areerratiisaaf tee'u moo, ka areeru? Ka areerratiisaaf tee'uu motii? Ani ammoo isin oddu'utti akka areertu'uu ti.\x - \xo 22:27 \xo*\xt Yoh. 13:12-15\xt*\x* \v 28 Isin worra rakkinna kiyya keessatti na woliin turtane. \v 29 Akkuma abbaan kiyya ana mootonse, anille isin hin mootonsa. \v 30 Mootummaa tiyya keessatti qorii tiyya keessaa hin nyaattan, hin untan, barcumaa mootumma'aa irra teettanee gosa Israa'elii kudhanii lama irrattille hin murtan» jedhe.\x - \xo 22:30 \xo*\xt Mat. 19:28\xt*\x* \s1 Mormatiisa Pheexroosii Yesuus Duraan Dursee Hime \r (Mat. 26:30-35; Mar. 14:26-31; Yoh. 13:36-38) \p \v 31 Yesuus, «Simoon, Simoon, dhage'i! Seexanni isin maraa akka qamadi'ii wobansiisaaf gaafateera. \v 32 Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si'iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!» jedhe. \p \v 33 Pheexroos ammoo, «Gootta'a, ani si woliin gara mana hidha'aa dhaqiisaa fi du'iisaafille qophoweera» jedhe. \v 34 Yesuus deebisee, «Pheexroos, ani sitti hima, edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin si hin beeku jettee na hin mormatta» jedheen. \s1 Korojoo, Subbaa Fi Shallaagaa \p \v 35 Achiin duuba Yesuus, «Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?» jedhee barattoota ifii gaafate.\x - \xo 22:35 \xo*\xt Mat. 10:9-10; Mar. 6:8-9; Luq. 9:3; 10:4\xt*\x* \p Isaan deebisanee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhane. \v 36 Yesuus isaaniin, «Amma ammoo, nami korojoo, yookiin subba qabu qabatuu ti; nami shallaagaa hin qanne woyaa ifii gurguree shallaagaa bitatuu ti. \v 37 Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‹Yakkaameyyii woliin laakkowame› ka jedhu, na irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti» jedhe. \v 38 Barattooti, «Ilaa, Gootta'a, shallaagaan lamaan as jira» jedhane. \p Jennaan inni deebisee, «Hin geya!» jedhe. \s1 Yesuus Gaara Ejersaa Irratti Daadimate \r (Mat. 26:26-46; Mar. 14:32-42) \p \v 39 Yesuus qachaa keessaa bayee, akkuma aadaa ifii gara Gaara Ejersaa dhaqe; barattooti isaalle isa woliin dhaqane. \v 40 Addee san yennaa geye, isaaniin, «Ataabamiisatti akka hin galle daadimadha'a!» jedhe. \p \v 41 Achiin duuba haga qolaansaa dhaka'aa isaan irraa fagaatee jilbiiffatee, \v 42 «Abba'a, yoo fedha keeti te'e, muduunuu rakkinnaa tana na irraa fuudhi; ammoo akka fedha kiyyaa adoo hin te'in, akka fedha keetii te'uu ti!» jedhee daadimate. \v 43 Achiin duuba ergamaan ol-gubba'aa mudhatee isa jajjabeesse. \v 44 Muddama ifii guddaa keessatti ittuma jabeessee daadimate; danfi isaalle akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobe. \v 45 Daadimata irraa ka'ee gara barattootaa yennaa deebi'ee dhaqe, gaddaan waan bututaneeranuuf rafaneeranuun dhagge. \v 46 Inni isaaniin, «Maaf rattan? Akka ataabe'etti hin galle ka'a'aatii daadimadha'a!» jedhe. \s1 Yesuus Qabame \r (Mat. 26:47; Mar. 14:43-50; Yoh. 18:3-11) \p \v 47 Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, gumiin dhuttee biraan baate; barattoota kudhanii lama keessaa Yihudaa ka jedhamu isaan fidee, Yesuus sunqatiisaaf itti dhikaate. \v 48 Yesuus ammoo, «Yihuda'a, sunqatiisaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?» jedheen. \p \v 49 Worri Yesuus woliin jiranu waan te'aaru yennaa dhaggane, «Gootta'a, shallaaga'aan dhoonnuu?» jedhane. \v 50 Isaan keessaa tokkochi, tajaajilaa hayyicha gudda'aa dhowee, gurra middaa irraa kute. \v 51 Yesuus ammoo, «Lakkisa'a! Tun hin dabalamin» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise. \p \v 52 Achiin duuba Yesuus sooreyyii hayyootaa, qondaaltota eedduu Galma Waaqaatii fi maanguddoota worra isa qabiisaaf dhufaneen, «Akka ani alagala'aa shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee? \v 53 Guyyuma guyya'aan isinuma woliin yennaa ani Galma Waaqaa keessa jiru, isin na hin qanne. Amma ammoo, saatiin tun teessanii fi ta hunni dukkanaa itti mootu» jedhe. \s1 Pheexroos Yesuus Mormate \r (Mat. 26:57-58,69-75; Mar. 14:53,54,66-72; Yoh. 18:12-18,25-27) \p \v 54 Achiin duuba Yesuus qabanee, fuudhanee deemanee gara mana hayyicha gudda'aa geessane. Pheexroos ammoo fagaatee isa hordofe. \v 55 Yennaa isaan badhinna dalleyaa wodhakka'atti ibidda gabbisanee wolitti dacha'anee tee'ane, Pheexroosille isaan woliin tee'e. \v 56 Intalti tajaajiltuun takka, ifa ibiddaa qarqara tee'eeruun isa dhaggitee, hubattee, «Namichi kunille isa woliin jiraayyu» jette. \v 57 Inni ammoo, «Intaa, ani isa hin beeku» jedhee mormate. \v 58 Yennaa diqqo'oon duuba nami dhibiin isa dhaggee, «Ati isaan keessaa tokko» jedhe. \p Pheexroos ammoo, «Namicha, anaa moti!» jedhe. \p \v 59 Gara saatii takka'aatiin duuba nami dhibiin, «Nama Galiila'aa waan te'eef, dhugumaan namichi kunille isaan woliin jiraayyu» jedhee itti jabeesse. \v 60 Pheexroos ammoo, «Namicha, waan ati dubbatiisatti jirtu kana ani hin beeku!» jedhe. Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, lukkuun iyyite. \p \v 61 Goottaan garagalee Pheexroos ilaale. Achiin duuba Pheexroos Jecha Gootta'aa, ka duri inni isaan, «Edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin na hin mormatta» jedhe qaabatee, \v 62 gad bayee laaleffatee bowe. \s1 Yesuusitti Taphatanee Dhaanane \r (Mat. 26:67-68; Mar. 14:65) \p \v 63 Worri Yesuus qabanee eegiisatti jiranu itti taphatanee dhaanane. \v 64 Ila isaa hidhanee, «Eentu si dhowe? Raagi me!» jedhaa isa gaafatane. \v 65 Waan hedduu jedhaa isa arrassane. \s1 Yesuus Kora Murti'ii Duratti Dhikaate \r (Mat. 26:59-66; Mar. 14:55-64; Yoh. 18:19-26) \p \v 66 Yennaa latti bariite maanguddooti kolba'aa, sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee wolitti qabamanee, Yesuus kora murti'ii duratti dhikeessane. \v 67 Isaan, «Masiihiin si'ii? Nutti himi!» jedhane. Inni ammoo, «Yoo ani isinitti hime, hin dhugeeffattanu; \v 68 yoo ani isin gaafadhelle naaf hin deebittanu. \v 69 Ammoo Ilmi Namaa ammaa jalqabee, midda Waaqa waan mara dande'uutitti hin tee'a» jedheen. \p \v 70 Isaan martinuu, «Ati Ilma Waaqaatii ree?» jedhane. \p Inni deebisee, «Te'uu kiyya isinuu jettane» jedhe. \p \v 71 Jennaan isaan, «Nuutuu afaan isaa irraa dhageennee, dhugaa dhibii maaf barbaanna?» jedhane. \c 23 \s1 Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame \r (Mat. 27:1-2,11-14; Mar. 15:1-5; Yoh. 18:28-38) \p \v 1 Achiin duuba worri kora murti'ii san keessa jiranu duudiin ol ka'anee, Yesuus Philaaxoos dura dhikeessane. \v 2 Isaan, «Namichi kun kolbaa teenna jallisiisee, mootii worra Rooma'aatiif gibira gabbaruu dhooggee, ani Masiihii mooti'i ifiin jedhuun qanneerra» jedhaa isa himatiisatti ka'ane. \v 3 Philaaxoos, «Mootiin Yihudootaa si'ii?» jedhee isa gaafate. \p Yesuus deebisee, «Maarre atuu jette» jedhe. \v 4 Achiin duuba Philaaxoos sooreyyii hayyootaatii fi gumi'iin, «Ani nama kana irratti yakkaa tokkolle hin dhaggine» jedhe. \v 5 Isaan ammoo, «Inni biyya Yihuda'aa mara keessatti, Galiila'aa jalqabee haga asiitittille barsiisaa kolbaa teenna raasiisatti jira» jedhanee itti jabeessane. \s1 Yesuus Heroodis Duratti Dhikeeffame \p \v 6 Philaaxoos tana yennaa dhage'e, nama Galiila'aa te'uu isaa gaafate. \v 7 Yesuus biyya Heroodis bulchu keessaa akka te'e yennaa hubate, gara Heroodisii isa erge; yennaa san Heroodis biyya Yerusaalemii keessa jira. \v 8 Heroodis yennaa hedduu dhaggiisaaf waan barbaadaa tureeruuf, yennaa Yesuus dhagge guddoo gammade. Marroo isaa waan dhage'eeruuf, bilbaasa garii inni hujuun dhaggiisaaf addateera. \p \v 9 Heroodis gaaffii hedduu isa gaafate, inni ammoo womaa hin deebinne. \v 10 Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee achi dhaabbatanee, jabeessanee isa himatane. \v 11 Heroodisii fi loltooti isaa Yesuus salphisanee itti taphatane. Achiin duuba woyaa dansaa itti uffisanee gara Philaaxoosii deebisanee ergane. \v 12 Heroodisii fi Philaaxoos ka duraan wolii diina te'anee turane, gaafuma san wolii jaalomane. \s1 Yesuusitti Du'a Murane \r (Mat. 27:15-26; Mar. 15:6-15; Yoh. 18:39—19:16) \p \v 13 Philaaxoos sooreyyii hayyootaa, sooressitootaa fi kolbaa waamee, \v 14 «Namichi kun kolbaa jallisiisa jettanee, qaddanee gara kiyya fiddane; anille isinuma duratti isa qoree, waan isin isa himattane keessaa yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine. \v 15 Heroodisille waan yakkaa isa irraa dhabeef deebisee nutti ergeera; akkuma dhaggitanu, waan muraa du'aatiin isa gewu tokkolle hujee hin jiru. \v 16 Tanaaf dhaansisee isa gad lakkisa» jedhe. \v 17 [Philaaxoos wogguma wogga'aan yennaa Jila Irra Dabaramaa worra hidhamane keessaa nama tokkocha kolba'aaf hiiku'uu male.]\f + \fr 23:17\fr*\ft Woraabbiin durii durii gariin laakkossa 17 hin qabu\ft*\f* \p \v 18 Gumiin duudiin, «Namicha kana balleessi! Barabbaa nu'uuf hiiki!» jettee itti hogitte. \v 19 Barabbaan qachaa keessatti waan nageya booresseeruu fi nama ijjeeseeruuf mana hidha'aatitti hidhamee ture. \p \v 20 Philaaxoos Yesuus hiikiisaaf fedhee, ammalle gumi'iin dubbate. \v 21 Isaan ammoo, «Isa fannisi! Isa fannisi!» jedhanee ittuma hogisane. \p \v 22 Philaaxoos sadeessoo, «Maaf? Maan balleesse? Yakkaa muraa du'aatiin isa geettu isa irratti ani hin dhaggine. Tanaaf dhaansisee isa hiika» isaaniin jedhe. \p \v 23 Isaan ammoo, akka inni fannifamuuf qoonqoo guddo'oon ittuma jabeessanee kadhatane; hogaan isaaniille milkowe. \v 24 Maarre gaaffii isaaniitiif deebii kenniisaaf, Philaaxoos muraa kenne. \v 25 Namicha nageya booressiisaa fi nama ijjeesiisaan hidhameeru, ka kolbaan gaafatte hiikee, akka fedha isaanii Yesuus dabarsee isaanitti kenne. \s1 Yesuus Fannifame \r (Mat. 27:32-44; Mar. 15:21-32; Yoh. 19:16-27) \p \v 26 Adoo Yesuus geessanuu, nama biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko baadiyya'aa galuun qabanee, muka fanno'oo ba'atee Yesuus faana akka deemuuf irra keyane. \p \v 27 Gumiin guddoon Yesuus hordotte; gumii san keessa dubartooti qoma dhowataa isaaf boottulle jirti. \v 28 Yesuus ammoo gara isaanii garagalee, «Dubartii Yerusaalemii, ifii fi ijoollee teessaniif bowa'a malee, naaf hin bowina'a! \v 29 Sababille guyyooti isaan, ‹Maseenni, gadaamessi ijjumaa hin deyinii fi harmi hin hoosisin ka badhaadhane› jedhanu hin dhufan. \v 30 Yennaa san isaan gaarotaan, ‹Nu irratti jiga'a!› koobotalle'een, ‹Nu dhossa'a!› hin jedhan. \v 31 Adoo muki bisile'eetuu yoo akkasi godhane, yennaa muki goge attam godhan ree?» jedhe. \p \v 32 Namoota yakkaameyyii lamaan dhibiille, ijjeesiisaaf Yesuus woliin geessane. \v 33 Addee «Buqqii Mata'aa» jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaameyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane. \v 34 Yesuus ammoo, «Abba'a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!» jedhe\f + \fr 23:34\fr*\ft Woraabbiin durii durii gariin hima kana hin qabu\ft*\f*. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane. \v 35 Kolbaan achi dhaabbattee ilaaliisatti jirtiiyyu; bulchitootille itti taphatanee, «Inni worra dhibii fayyiseera; Masiihii Waaqi filate yoo te'e ifi fayyisuu ti!» jedhane. \v 36 Loltootille itti taphatanee, daadhii woyni'ii dhangaggoottuu isaaf kennanee, \v 37 «Ati mootii Yihudootaa yoo teete, ifi fayyisi!» jedhane. \v 38 Barreeffam, «Kun Mootii Yihudootaa ti» jedhu mataa isaatiin gubbaa jiraayyu. \v 39 Yakkaameyyii achitti fannifamane keessaa tokkochi, «Ati Masiihii motii? Ifi fayyisi, nulle fayyisi!» jedhee isa arrasse. \v 40 Yakkaamessi kuun ammoo, «Atille akkuma namicha kanaa muraa fudhatteerta, Waaqumalle hin sodaattuu ree?» jedhee isa xixe. \v 41 Achiin duuba, «Nuuti waan hunyeef waan dhaggatiisaaf malle waan dhaggataarruuf, dhuguma nutti murame; inni ammoo womaa hin yakkine!» jedheen. \v 42 Achiin duuba Yesuusiin, «Yesuus, mootummaa teetiin yennaa dhuttu na qaabadhu!» jedhe. \p \v 43 Yesuus deebisee, «Dhugumaan ani sitti hima, adhuma na woliin addee gammadaa\f + \fr 23:43\fr*\fqa Addee gammadaa: \fqa*\ft Jannata\ft*\f* keessa hin jiraatta» jedheen. \s1 Du'a Yesuusii \r (Mat. 27:45-56; Mar. 15:33-41; Yoh. 19:28-30) \p \v 44-45 Orraa gara saatii jaatitti aduun ifa waan dhaddeef, latti duudiin dukkanoottee, haga saatii sagalii turte. Gollaan Galma Waaqaalle addee lamatti tarsa'e. \v 46 Yesuus qoonqoo guddo'oon, «Abbaa kiyya, ani ayyaana kiyya harka keetitti kennadha!» jedhe. Inni kana jedhee du'e. \v 47 Ajajaan dhibbaa waan te'e kana yennaa dhagge, «Namichi kun dhugumaan nama balcha'a» jedhee Waaqa galateeffate. \v 48 Gumiin ilaaliisaaf achitti wolitti qabanteertu maraa waan te'e yennaa dhaggite, gaddaan qoma ifii dhodhowataa gara mana ifii galte. \v 49 Worri isa beekanu maraa fi dubartooti Galiilaa irraa isa hordofane ammoo fagoo dhaabbatanee, waan kana ilaaliisatti jiraniiyyu.\x - \xo 23:49 \xo*\xt Luq. 8:2-3\xt*\x* \s1 Yesuus Awwaalame \r (Mat. 27:57-61; Mar. 15:42-47; Yoh. 19:38-42) \p \v 50-51 Namichi dansa'aa fi balchaan, ka mootummaa Waaqaa eeggatiisatti jiru, ka biyya Yihudootaa qachaa Armaatiya'aa keessaa dhufe, ka Yoseef jedhamu tokko jira. Inni miseensa kora murti'ii te'ulle mura'aa fi hujii isaaniititti wolii hin galin ture. \v 52 Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii gaafate. \v 53 Achiin duuba reeffa gad buusee woyaa qoolaan maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweeru, ka nami ijjumaa itti hin awwaalamin keessatti awwaale. \v 54 Guyyaan sun guyyaa Qophi'ii ti, Sanbatille seeniisaaf dhikaateera. \v 55 Dubartooti Galiilaa irraa Yesuus woliin dhufane, Yoseef faana deemanee addee awwaalaatii fi akka reeffi Yesuusii itti awwaalame dhaggane. \v 56 Achiin duuba gara manaa deebi'anee uddowa'aa fi fiqiree qopheessane. Guyyaa Sanbataa akka Seerri ajajutti foorfatane. \c 24 \s1 Yesuus Du'aa Ka'e \r (Mat. 28:1-10; Mar. 16:1-8; Yoh. 20:1-10) \p \v 1 Guyyaa Dilbataa\f + \fr 24:1\fr*\fqa Guyyaa Dilbataa: \fqa*\ft Guyyaa jalqaba torbaanii\ft*\f* barii halkaniin dubartooti sun uddowaa qopheessiteertu qabattee gara boolla awwaalaa dhaxxe. \v 2 Dhakaan afaan boolla awwaalaa irraa gangalfameeruun dhaggane. \v 3 Boolla awwaalaa keessa yennaa seenane ammoo, reeffa Goottaa Yesuusii hin dhaggine. \v 4 Isaan waan kana mamiisatti jiranuun, nami lamaan woyaa caccalaqqittu uffatee dedhuma cinaa isaanii dhaabbate. \v 5 Dubartooti guddoo sodaatanee gad lafa ilaalane; namooti sun ammoo, «Maaf jiraataa worra du'eeru odduu barbaaddan? \v 6 Inni as hin jiru, ka'eera. Galiilaa adoo jiruu waan inni isinitti hime qaabadha'a! \v 7 ‹Ilmi namaa harka cubbaalleyyi'iititti kennamee, fannifamee, guyyaa sadeesso'ootitti du'aa ka'uu male› jedhe» jedhaneen.\x - \xo 24:7 \xo*\xt Mat. 16:21; 17:22-23; 20:18-19; Mar. 8:31; 9:31; 10:33-34; Luq. 9:22; 18:31-33\xt*\x* \p \v 8 Achiin duuba waan Yesuus jedhe qaabatane. \v 9 Addee awwaalaatii yennaa deebi'ane, waan kana maraa ergantoota kudhanii tokkoo fi worra kaan maratti himane. \v 10 Worri waan kana ergantootatti himane, Maariyaamii qachaa Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi dubartoota dhibi'i. \v 11 Ergantooti ammoo dubbii hin teene seyanee, dubbii isaanii hin dhugeeffanne. \v 12 Pheexroos ammoo ka'ee gara boolla awwaalaa rukkise. Gad jedhee boolla awwaalaa keessa ilaalee, woyaa itti marane malee womaa hin dhaggine. Achiin duuba waan te'e kana baaseffataa gara manaa deebi'e. \s1 Ideemiisa Gara Emahuusii \r (Mar. 16:12-13) \p \v 13 Gaafuma san isaan keessaa nami lamaan gara ollaa Yerusaalemii irraa kiiloo meetira kudha tokko fagaatu, ka Emahuus jedhamuu dhaqiisatti jiraniiyyu. \v 14 Isaan marroo waan te'e kana maraa haasowiisatti jiraniiyyu. \v 15 Adoo isaan waan kana haasowaa mari'atanuu, Yesuus ifumaafuu dhufee biraan bayee, isaan woliin ideeme. \v 16 Ammoo akka isaan isa hin hubanne, ilti isaanii qabanteerti. \v 17 Yesuus isaaniin, «Wonni isin haasowaa ideentanu kun maan inni?» jedhe. Isaan fuula gaddaatiin achuma dhaabbatane. \v 18 Achiin duuba isaan keessaa Qileyophaa ka jedhamu tokko deebisee, «Yerusaalem keessatti nami keessummaan ka waan dhikoo tana achitti te'e hin beenne, si'uma calla'aa?» jedhe. \v 19 Inni, «Maan inni?» jedhee gaafate. Isaan deebisanee, «Marroo Yesuusii nama Naaziretii, ka waan godhee fi waan dubbateen Waaqaa fi kolbaa mara duratti raagaa jabaa, \v 20 ka sooreyyiin hayyootaatii fi bulchitooti teenna akka du'uu fi fannifamu itti muranee dabarsanee kennane. \v 21 Nuuti ammoo ka Israa'el wodu isa jennee addii itti godhanneerra. Kana maraa irratti, wonni kun mara haga teeteen adhi guyyaa sadeesso'oo ti. \v 22 Dabalamaan, dubartooti golii teennaa nu maalalchaneeran; isaan adha barii halkaniin gara boolla awwaalaa dhaqaneeran; \v 23 ammoo reeffa isaa hin dhaggine. Achii deebi'anee, ergantoota Waaqaa ta, ‹Inni hin jira› isaaniin jette akka mudhi'iin dhaggane nutti himane. \p \v 24 «Worra nu woliin jiranu keessaa gariin gara boolla awwaalaa dhaqanee, akkuma dubartooti sun jedhane teeteertuun dhaggane; isa ammoo hin dhaggine» jedhanee itti himane. \v 25 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Isin attam attam gowwoole'e, waan raagoti jedhane maraa dhugeeffatiisaafille yaadi gadhaa keessanii attam attam hancaara'a! \v 26 Masiihiin rakkinna kana maraa fudhatee ulfinna ifiititti galiisi, barbaachisa'aa motii ree?» jedhe. \v 27 Yesuus achiin duuba kitaaba Muuse'eetii jalqabee kitaabota raagotaa mara keessatti, marroo isaatiif waan Barreeffam Woyyichi dubbatu maraa isaaniif hiike. \p \v 28 Gara ollaa itti dhaqiisatti jiranuu yennaa dhikaatane, Yesuus akka waan dabaree ideemuu te'e. \v 29 Isaan ammoo, «Latti galgaloottee, waan dhiyiisatti jirtuuf, nu woliin buli!» jedhanee jabeessanee isa kadhatane. Maarre inni isaan woliin buliisaaf gara manaa seene. \v 30 Isaan woliin qori'itti hiiqee yennaa tee'e, daabboo fuudhee eebbisee, cassee isaaniif kenne. \v 31 Achiin duuba ilti isaanii banantee, isa hubatane; inni ammoo ila isaanii duraa miliqe. \v 32 Isaan wol woliin, «Yennaa inni kara'atti nu woliin haasowee fi Barreeffama Woyyicha nu'uuf hiike, gadhaan keenna hin gubannee?» jedhane. \v 33 Isaan yennuma san ka'anee gara Yerusaalemii deebi'ane. Achitti barattoota kudhanii tokkoo fi worra isaan woliin jiranu wolitti qabamaneeranuun dhagganee, \v 34 «Goottaan dhugumaan du'aa ka'eera, Simoonille'etti mudhateera!» jedhane. \v 35 Achiin duuba jarri lamaan waan kara'atti te'e maraa fi yennaa Goottaan daabboo casse attam akka isa beekane himane. \s1 Yesuus Barattoota Ifiititti Mudhate \r (Mat. 28:16-20; Mar. 16:14-18; Yoh. 20:19-23; HuE. 1:6-8) \p \v 36 Adoo jarri lamaan sun waan kana himiisatti jiranuu, Yesuus ifumaafuu isaan odduu dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe. \v 37 Isaan waan ekeraa dhaggane seyanee, sodaatanee bararaqane. \p \v 38 Yesuus ammoo, «Maaf sodaattan? Gadhaa keessan keessatti maaf mantan? \v 39 Harka kiyyaa fi miila kiyya ilaala'a, anumaayyuu dhagga'a. Qaqqaba'aatii na ilaala'a; ekeraan foonii fi lafee hin qaddu, akkuma dhaggitanu ani hin qaba» jedhe. \p \v 40 Yesuus tana jedhee harkaa fi miila ifii isaanitti mudhise. \v 41 Isaan gammadaa fi baaseffataan waan guutamaneeranuuf ammalle dhugeeffatiisa dhabanee jennaan, «Waan nyaataa asii qaddanii?» jedhee isaan gaafate. \v 42 Isaan qurxummii woddante diqqoo takka itti kennane; \v 43 innille fuudhee fuula isaanii duratti nyaate. \p \v 44 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Yennaa isin woliin jiru, Seera Muuse'ee, Kitaaba Raagotaatii fi Kitaaba Faaru'uu keessatti marroo tiyyaaf ta barreeffante maraa muummowu'uu malte, jedhee ta ani isinitti hime tana» jedhe. \v 45 Achiin duuba inni Barreeffama Woyyicha akka hubatanuuf qalbii isaanii bane. \v 46 Inni isaaniin, «Masiihiin akka rakkatuu fi guyyaa sadeesso'oo du'aa akka ka'u, \v 47 cubbuu irraa deebi'iisaa fi araarri cubbu'uu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee gosa maraaf akka lallabamu barreeffameera. \v 48 Isin waan kanaaf dhugaa-baatota. \v 49 Kunoo, waan Abbaan kiyya addii isinii kenne ani isiniif hin erga; ammoo haga hunna gubbaa irraa dhaggattanutti\f + \fr 24:49\fr*\fqa Dhaggattanutti: \fqa*\ft Yookiin uffattanutti\ft*\f* qachaa Yerusaalemii keessa tura'a» jedhe. \s1 Yesuus Gara Ol-Gubba'aa Deebi'e \r (Mar. 16:19,20; HuE. 1:9-11) \p \v 50 Achiin duuba Yesuus qachaa keessaa baasee, haga Bitaaniya'aa isaan geesse; achitti harka ifii lamaanuu ol kaasee isaan eebbise. \v 51 Adoo isaan eebbisiisatti jiruu, isaan irraa gargar bayee gara ol-gubba'aa fudhatame.\x - \xo 24:51 \xo*\xt HuE. 1:9-11\xt*\x* \v 52 Isaan isaaf sagadanee, gammachuu gudda'aan gara Yerusaalemii deebi'anee, \v 53 yennaa mara Galma Waaqaa keessatti Waaqa galateeffataa turane.