\id LEV - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Seera Lewwootaa \toc1 Kitaaba Seera Lewwootaa \toc2 Kitaaba Seera Lewwootaa \toc3 Lew. \mt1 Kitaaba Seera Lewwootaa \imt Seensa \ip Kitaab Seera Lewwootaa seera ittiin bulmaata waaqonfanna'aatii fi aadaa dhugeeffannaa Israa'elii durii, akkasuma seera ittiin bulmaataa ka hayyoota seera kana hujii irra oolchiisaaf itti gaafatamummaa qabanuulle ifi keessaa qaba. \ip Yaadi guddaan kitaaba kanaa marroo woyyummaa Waaqaa ti; kolbaan Waaqaalle Waaqa woyyicha Israa'elii kana woliin tokkummaa attamii akka qabaatuu qabanuu fi attam akka isa waaqonfatuu qabanulle hin dubbata. \ip Kitaaba kana keessatti ajaji guddoo beekkamaa te'e, ka Yesuus, «Ajaja guddicha lammeesso'oo» jedhee moggaase, «Nama maraa akka ifi jaalatu jaaladhu» ka jedhu. (19:18) \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seera kennansaatii fi ciinca'aa\ior 1:1—7:38\ior* \io1 Hayyoomiisa Aaroniitii fi ilmaan isaa\ior 8:1—10:20\ior* \io1 Seera marroo aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulloomiisaatii fi qulqulloomiisa dhabiisaa\ior 11:1—15:33\ior* \io1 Guyyaa Gumaa cubbu'uu\ior 16:1-34\ior* \io1 Seera marroo woyyummaa jiru'uutii fi waaqonfanna'aa\ior 17:1—27:34\ior* \c 1 \s1 Kennansa Gubamu \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa Muusee waamee, \v 2 «Kolbaa Israa'elootaatiin ‹Isin keessaa nami ana Mootii Waan Maraatiif kennansa hori'ii yennaa dhikeessu, loon keessaa yookiin hoolee keessaa yookiin re'ee keessaa dhikeessuu ti› jedhi. \v 3 Kennansi kun kennansa hori'ii ka gubamu yoo te'e, korma fafa hin qanne te'uu ti; Mootii Waan Maraa duratti fudhatama akka qabaatu, seensuma gara Dunkaanii Woldeenna'aa duratti dhikeessuu ti. \v 4 Nami sun harka ifii mataa horii kennansa gubamuu san irra kewuu ti; kunille gumaa cubbuu isaatiif bakka isaa bu'ee fudhatama qabaata. \v 5 Inni korma ana Mootii Waan Maraa duratti qaluu ti; achiin duuba ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga san fidanee addee ciinca'aa ta gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa jirtu san cinaa isi'ii mara irratti dhangalaasuu ti. \v 6 Inni kennansa gubamu san gogaa irraa qalee kukkutuu ti. \v 7 Ilmaan Aaronii hayyichaa addee ciinca'aa irratti ibidda gabbisanee qoraan itti naqanuu ti. \v 8 Achiin duuba ilmaan Aaronii hayyooti foon kukkutame san, mata'aa fi cooma woliin qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irra tarree galchanee naqanuu ti. \v 9 Inni meya gadha'aatii fi manyee bisaaniin dhiquu ti; hayyichi meya gadha'aatii fi manyee san mara addee ciinca'aa irratti gubee aarsuu ti; kennansi kun ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu. \p \v 10 «Kennansi gubamu kun tika hoole'ee yookiin tika re'ee keessaa yoo te'e, korbeessa fafa hin qanne te'uu ti. \v 11 Inni addee ciinca'aa cinaa gara kaabaatitti fuula ana Mootii Waan Maraa duratti korbeessa san qaluu ti; ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga isaa cinaa addee ciinca'aa san maratti dhangalaasanuu ti. \v 12 Inni foon san kukkutuu ti; hayyichille foon kukkutame san, mata'aa fi cooma woliin qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irra tarree galchee naquu ti. \v 13 Namichi meya gadha'aatii fi manyeelee san bisaaniin dhiquu ti. Hayyichi ammoo kennansa gubamu san mara addee ciinca'aa irratti gubuu ti; kennansi gubamu kun ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu. \p \v 14 «Kennansi gubamu ka inni dhikeessu waan koolaan ka'u keessaa yoo te'e, saphaliisa yookiin maddoo te'uu ti. \v 15 Hayyichi kennansa san addee ciinca'aatitti fidee, mataa micciiree, addee ciinca'aa irratti gubuu ti; dhiiga isi'ii cinaa addee ciinca'aa irratti coccossuu ti. \v 16 Daakuu isi'ii baala isi'ii woliin keessaa baasee, addee ciinca'aa gara baya adu'uutitti, addee daadhaa itti gatanutti gatuu ti. \v 17 Inni karaa koola isi'iitiin gad quncisuutii malee, irraa hin kutin; achiin duuba hayyichi qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irratti gubuu ti. Kun kennansa gubamu, ka ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu. \c 2 \s1 Kennansa Midhaanii \p \v 1 «Eennulle kennansa midhaanii ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessu, bullaa dansaa irraa dhikeessuu ti. Inni zayitii ejersaa itti dhangalaasee, hixaanalle irra keyee, \v 2 gara ilmaan Aaronii hayyootatti geessuu ti. Hayyichi bullaa dansaa ooboo tokko guutu'uu fi zayitiin ejersaa san, hixaana maraayyuu woliin fuudhee, yaadanno'oof akka te'u, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, addee ciinca'aa irratti gamisa gubuu ti. \v 3 Ka hafe, kennansa midhaanii ka ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, ka irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, Aaronii fi ilmaan isaatiif kennamuu ti. \p \v 4 «Kennansi midhaanii ka boolla ibiddaa keessatti bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, daabboo uukoo hin qanne yookiin bixee hephellittii zayitiin ejersaa irra dibame te'uu ti. \v 5 Kennansi midhaanii ka eelee sibiilaatitti bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta daabboo uukoo hin qanne ta zayitii ejersaatiin sukkuumante te'uu ti. \v 6 Kennansa midhaanii waan te'eef daabboo san didiqqeessii caccassiitii zayitii ejersaa itti naqi. \v 7 Kennansi midhaanii disitii keessatti ka bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin makante teetuu ti. \v 8 Kennansa midhaanii ka waan kana irraa hujame ana Mootii Waan Maraatiif fidiitii, hayyicha gara addee ciinca'aa geessutti dhikeessi. \v 9 Hayyichi kennansa midhaanii ka dhikaate kana irraa gamisa fuudhee, yaadanno'oof akka te'u, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka akka dakkara foolee dansaa qadduu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee addee ciinca'aa irratti gubuu ti. \v 10 Ka hafe, kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, Aaronii fi ilmaan isaatiif kennamuu ti. \p \v 11 «Kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamu woliin uukoo yookiin damma gubiisa waan hin barbaachinneef, kennansa midhaanii ka gubamu ka ati ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu keessa uukoon yookiin dammi hin jiraatin. \v 12 Isin kennansa midhaan mata'aa ana Mootii Waan Maraatiif kennuu hin dandeettan; isaan kun ammoo kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu te'anee, addee ciinca'aa irratti hin gubamanu. \v 13 Kennansa midhaanii keeti mara sooddaan mi'eessita. Kennansa midhaanii keeti keessaa soodda gondooroo Waaqa keetii hin lakkisin; kennansa keeti mara soodda keessa buusi. \p \v 14 «Ati kennansa midhaan mata'aa ana Mootii Waan Maraatiif yoo fidde, midhaan shawwee ibiddatti woddamee sharame dhikeessi. \v 15 Inni kennansa midhaanii waan te'eef zayitii ejersaa itti dhangalaasiitii hixaanalle irra keyi. \v 16 Kun kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamee dhikaatu waan te'eef, hayyichi kennansa midhaan sharameetii fi zayitii ejersaa san gamisa, hixaana maraayyuu woliin yaadanno'oof akka te'u, ibiddaan gubuu ti. \c 3 \s1 Kennansa Tokkumma'aa \p \v 1 «Nami tokko kennansa tokkummma'aa loon keessaa yoo kennu te'e, korma yookiin sa'a fafa hin qanne Mootii Waan Maraa duratti dhikeessuu ti. \v 2 Inni harka ifii mataa horii kennansa dhikeessee san irra keyee, seensuma Dunkaanii woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga san cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaasanuu ti. \v 3 Kennansa tokkumma'aa kana irraa, ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, moora meya gadha'aatitti marateeru maraa fi ka meya gadha'aa wolitti hidheeru mara, \v 4 kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin baasuu ti. \v 5 Achiin duuba ilmaan Aaronii addee ciinca'aa irratti, qoraan kennansa gubamuuf bobe'u irratti, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhanee gubanuu ti. \p \v 6 «Kennansi tokkumma'aaf kennamu karra hoole'ee yookiin re'e'ee keessaa yoo te'e, korbeessa yookiin dhaltuu fafa hin qanne te'uu ti. \v 7 Nami tokko buruusoo hoole'ee yoo kenne, fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. \v 8 Harka ifii mataa horii kennansa dhikeessee san irra keyee Dunkaanii Woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii dhiiga san cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaasanuu ti. \v 9 Kennansa tokkumma'aa kana irraa, ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, duma hoole'ee irraa baasee, moora meya gadha'aatitti marateeruu fi meya gadha'aa wolitti hidheeru mara, \v 10 kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin dhikeessuu ti. \v 11 Akka kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatuutitti, hayyichi isaan kana addee ciinca'aa irratti gubuu ti. \p \v 12 «Kennansi isaa re'ee yoo te'e, fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. \v 13 Harka ifii mataa isi'ii irra keyee Dunkaanii Woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii dhiiga isi'ii cinaa addee ciinca'aa san maratti dhangalaasuu ti. \v 14 Kennansa kana irraa, ka ibiddaan gubamee dhikaatu, moora meya gadha'aatitti marateeru maraa fi moora meya gadha'aa wolitti hidheeru mara, \v 15 kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uulle dhikeessuu ti. \v 16 Coomi martinuu kiyya waan te'eef, kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, hayyichi addee ciinca'aa irratti ibiddaan gubuu ti. \p \v 17 «Isin cooma mara, dhiiga maralle hin nyaatina'a! Kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti» jedhe. \c 4 \s1 Kennansa Araara Cubbu'uutiif Dhikaatu \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Kolbaa Israa'elootaatiin, ‹Eennulle adoo hin beekin cubbuu yennaa hujee fi ajaja kiyya keessaa tokko irra dabaree waan dhooggame yoo huje, \v 3 hayyichi guddaan cubbuu yoo huje, kolbaalle'etti yakkaa yoo fide, cubbuu huje saniif dardara fafa hin qanne kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. \v 4 Dardara san seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. Harka ifii mataa dardara sanii irra keyee fuula kiyya duratti qaluu ti. \v 5 Hayyichi guddaan dhiiga dardara sanii irraa diqqaa isaa fuudhee gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenuu ti. \v 6 Inni quba ifii dhiiga sanitti cuuphee, diqqaa isaa gollaa addee irra caalaa woyyitti'ii gara duraatiin yennaa torba ana Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti. \v 7 Achiin duuba hayyichi dhiiga diqqaa isaa gaafota addee ciinca'aa ta Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa, ta ana Mootii Waan Maraa duratti hixaana irratti aarsanu sanitti dibuu ti. Dhiiga dardaraa ka hafe, addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu, ta seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura jirtu jalatti dhangalaasuu ti. \v 8 Inni moora dardara araara cubbu'uutiif dhikaatee san mara: moora meya gadha'aatitti marateeruu fi wolitti hidheeru, \v 9 kalattii lamaanuu moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin dhikeessuu ti. \v 10 Akkuma moora kennansa tokkumma'aaf dhikaate irraa fuudhamee san, hayyichi addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu irratti gubuu ti. \v 11 Ammoo gogaa dardaraatii fi foon isaa mara, akkasuma mata'aa fi manyee isaa, meya gadha'aa, \v 12 addee quttumaatiin alatti baasee, addee akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu teete, addee daadhaan itti haramutti, ibidda qoraaniitiin gubuu ti. \p \v 13 « ‹Wolde'i Israa'elii marti adoo hin beekiniiyyuu cubbuu hujanee, ajaja kiyya keessaa tokko irra dabaranee waan dhooggame yoo hujane, wonni sun wolde'a san duratti beekkamuu dhaddulle, isaan yakkaameyyi'i. \v 14 Cubbuun wolde'i huje sun yennaa beekkante, dardara araara cubbu'uutiif kennamu fidanee Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhikeessanuu ti. \v 15 Jaarsoleen wolde'aa Mootii Waan Maraa duratti harka ifii mataa dardara sanii irra keyanee, dardarri sun Mootii Waan Maraa duratti qalamuu ti. \v 16 Achiin duuba hayyichi guddaan dhiiga dardara sanii irraa diqqaa isaa fuudhee, gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenuu ti. \v 17 Inni quba ifii dhiiga sanitti cuuphee, diqqaa isaa gollaa addee irra caalaa woyyitti'ii gara duraatiin yennaa torba ana Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti. \v 18 Inni dhiiga diqqaa isaa gaafota addee ciinca'aa ta Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa, ta ana Mootii Waan Maraa duratti hixaana irratti aarsanu sanitti dibuu ti. Dhiiga dardaraa ka hafe, addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu, ta seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura jiru jalatti dhangalaasuu ti. \v 19 Inni moora dardara sanii mara baasee addee ciinca'aa irratti gubuu ti. \v 20 Inni dardara kana akkuma dardara araara cubbu'uutiif dhikaate sanii godhuu ti; akka kanaan hayyichi gumaa cubbuu isaaniitiif hin dhikeessa; isaalle araara cubbu'uu hin dhaggatan. \v 21 Achiin duuba inni dardara san addee quttumaatiin alatti baasee, akkuma dardara qaraa gube san gubuu ti; kun ciincaa araara cubbuu wolde'aa hin te'a. \p \v 22 « ‹Sooressi tokko adoo hin beekin cubbuu hujee, ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa ifii keessaa tokko irra dabaree waan dhooggame tokko yoo huje, inni yakkaamessa. \v 23 Inni cubbuu huje san yoo beeke, korbeessa re'e'ee ka fafa hin qanne, kennansa fiduu qaba. \v 24 Kun ciincaa araara cubbu'uu waan te'eef, harka ifii mataa korbeessa sanii irra keyee, addee kennansi gubamu ana Mootii Waan Maraa duratti qalamutti qaluu ti. \v 25 Achiin duuba hayyichi dhiiga korbeessa araara cubbu'uutiif dhikaatee san irraa quba ifiitiin diqqaa isaa fuudhee, gaafota addee ciinca'aa ta kennansi gubamu irratti gubamu dibuu ti; ka hafe ammoo addee ciinca'aa jalatti dhangalaasuu ti. \v 26 Moora isaa mara akkuma moora kennansa tokkumma'aa gube san addee ciinca'aa irratti gubuu ti. Akka kanaan hayyichi cubbuu namichaatiif gumaa cubbu'uu kennuu ti; namichille araara cubbu'uu hin dhaggata. \p \v 27 « ‹Kolbaa keessaa nami tokko adoo hin beekin cubbuu hujee, ajaja Mootii Waan Maraa keessaa tokko irra dabaree waan dhooggame tokko yoo huje, inni yakkaamessa. \v 28 Inni cubbuu huje san yoo beeke, re'ee dhaltuu fafa hin qanne, kennansa fiduu qaba. \v 29 Inni harka ifii mataa re'ittii araara cubbu'uutiif dhikaatte sanii irra keyee, addee kennansa gubamuutitti qaluu ti. \v 30 Achiin duuba hayyichi dhiiga re'ittii sanii irraa diqqaa isaa quba ifiitiin fuudhee, gaafota addee ciinca'aa ta kennansi gubamu irratti gubamu dibuu ti; ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaasuu ti. \v 31 Inni akkuma moora kennansa tokkumma'aaf dhikaatee san, moora isi'ii mara baasuu ti; hayyichi foolee dansaa ana Mootii Waan Maraa gammachiittu godhee addee ciinca'aa irratti gubuu ti. Akka kanaan hayyichi gumaa cubbu'uu isaaf kennuu ti; namichille araara hin dhaggata. \p \v 32 « ‹Inni araara cubbu'uutiif buruusoo hoole'ee yoo fide, dhaltuu fafa hin qanne fiduu ti. \v 33 Inni harka ifii mataa isi'ii irra keyee addee kennansi gubamu itti qalamutti qaluu ti. \v 34 Achiin duuba hayyichi dhiiga hoolittii araara cubbu'uutiif dhikaatte san irraa diqqaa isaa quba ifiitiin fuudhee, gaafota addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu san dibuu ti; ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaasuu ti. \v 35 Inni akkuma moora kennansa tokkumma'aaf dhikaatee san, moora isi'ii mara baasuu ti; hayyichi addee ciinca'aa ta kennansi gubamu ana Mootii Waan Maraatiif gubamu irratti gubuu ti. Akka kanaan hayyichi cubbuu isaatiif gumaa cubbu'uu kennuu ti; namichille araara hin dhaggata. \c 5 \s1 Kennansi Araara Cubbu'uu Yakkaa Attamiitiif Akka Dhikaatu \p \v 1 « ‹Nami tokko mana mura'aatitti waan beekuu fi waan dhagge dhugaa akka bayu waamamee, dhugaa bayuu yoo dide, inni yakkaa saniif itti hin gaafatama. \v 2 Yookiin nami tokko waan aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'inii reeffa bineensa qulqulluu hin te'inii yookiin reeffa horii qulqulluu hin te'inii yookiin reeffa bineensota gadha'aan lafa irra lowanuu adoo hin beekinille yoo tuqe, inni battoweera; yakkaamessalle'e. \p \v 3 « ‹Yookiin nami tokko battummaa gosa tamiille teetu, battii nafa namaa keessaa yaatu adoo hin beekinille yoo tuqe, wonni inni tuqe sun battii akka teete yennaa beeke irraa kaasee, yakkaamessa hin te'a. \p \v 4 « ‹Yookiin nami tokko waanuma te'e maraayyuu, waan dansaa yookiin waan hantuu godhiisaaf, yaada malee adoo ifi hin eegatin yoo kakate, inni beekuu dhabulle, yennaa beekeen irraa kaasee, inni yakkaamessa hin te'a. \p \v 5 « ‹Eennulle waan akkasii kana keessaa waan tokkoon yakkaamessa yennaa te'e, cubbuu ifii faaci'atuu ti. \v 6 Inni Cubbuu huje saniif, tika hoole'ee yookiin re'e'ee keessaa gorontii hoole'ee yookiin gorontii re'e'ee, kennansa araara cubbu'uu ana Mootii Waan Maraatiif fiduu ti; hayyichille cubbuu isaatiif gumaa hin godha. \p \v 7 « ‹Inni hoolee yookiin re'ee yoo hin qanne te'e, saphaliisa lama yookiin maddoo lama, takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, taan kennansa gubamuuf, ana Mootii Waan Maraatiif fiduu ti. \v 8 Inni gara hayyichaa isaan fiduu ti; hayyichi isaan keessaa dursee takkattii morma micciiree adoo irraa hin kutin kennansa araara cubbu'uutiif dhikeessuu ti. \v 9 Dhiiga kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatee san irraa diqqaa isaa fuudhee, cinaa addee ciinca'aatitti fiffixuu ti; kennansa araara cubbu'uu waan te'eef, dhiiga hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaasuu ti. \v 10 Takkattii taanille akkuma seeraatitti akka kennansa gubamuutitti dhikeessuu ti. Hayyichi cubbuu inni huje saniif, gumaa dhikeessuu ti; namichille araara hin dhaggata. \p \v 11 « ‹Inni saphaliisa lama yookiin maddoo lama yoo harkaa hin qanne te'e, bullaa dansaa kiiloogiraama lamaa cubbuu huje saniif kennansa araara cubbu'uu dhikeessuu ti. Kun kennansa araara cubbu'uu waan te'eef, zayitii ejersaa yookiin hixaana itti hin naqin. \v 12 Inni hayyichatti geessuu ti; bullaan tun kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu waan teeteef, hayyichi ooboo tokko guutuu irraa fuudhee, yaadannoo akka teetu, kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamu irratti, addee ciinca'aa irratti gubuu ti. \v 13 Akka kanaan hayyichi cubbuu namichi huje tamiifuu gumaa hin kenna; namichille araara cubbu'uu hin dhaggata. Bullaan irraa hatte akkuma kennansa midhaanii hayyichaaf teetuu ti› jedhi» jedhe. \s1 Kennansa Sababa Yakka'aatiif Dhikaatu \p \v 14 Mootiin Waan Maraa Muuse'een \v 15 «Nami tokko adoo hin beekin waan ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome balleessee yoo yakke, sababa yakkaa saniitiif, hoolee keessaa korbeessa fafa hin qanne ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. Kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu waan te'eef, gatiin isaa akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'ii\f + \fr 5:15 \fr*\fqa Madaallii Dunkaanii Woyyitti'ii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa sheeqelii meeti'ii \fqa*\ft jedha.\ft*\f* ittiin madaalamutti ati itti madaaltetti te'uu ti. \v 16 Inni waan woyyuu te'e keessaa ta balleesse bakka buusuu ti; gatii isi'ii keessaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee, hayyichatti kennuu ti; hayyichi korbeessa hoole'ee ka kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu san woliin gumaa cubbuu isaatiif hin dhikeessa. Namichille cubbuu ifiitiif araara hin dhaggata. \p \v 17 «Nami tokko cubbuu hujee, ajaja kiyya keessaa waan dhooggame, adoo hin beekinuu tokkolle yoo casse, inni yakkaamessa; yakkaa ifiitiif itti hin gaafatama. \v 18 Inni horii keessaa korbeessa fafa hin qanne, gatii ati itti madaaltetti kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuuf, gara hayyichaa fiduu ti. Hayyichi balleessaa inni adoo hin beekin huje saniif gumaa hin kenna; namichille araara hin dhaggata. \v 19 Dhugumaan namichi ana Mootii Waan Maraa duratti yakkaa waan hujeef, kun kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu» jedhe. \c 6 \p \v 1 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een \v 2 «Seerri nama waan asii gad jiru kana maraan ollaa ifii sobiisaan, ana Mootii Waan Maraa yakkee kana: nami tokko marroo waan magannee itti kenname takkaa yookiin marroo waan qaddii itti kenname takkaa ollaa ifii yoo sobe, ollaa ifii yoo saame, bu'aa dhaggatiisaaf ollaa ifii irratti dhiibbaa yoo tolche, \v 3 yookiin waan badeeru tokko dhaggee akka hin dhagginiititti dharaan yoo kakate yookiin cubbuu akkanaa tana keessaa takkattiille yoo huje, \v 4 akka kanaan cubbuu hujee yakkaamessa yoo te'e, inni waan hate yookiin waan saame yookiin waan magannee itti kenname yookiin bu'aa dhaggatiisaaf ollaa ifii irratti dhiibbaa waan tolche yookiin waan baddeertuun dhagge san, \v 5 yookiin waan akka waan hin dhagginiititti sobaan kakate san maraayyuu deebisuu ti. Guyyaa kennansa sababa yakkaa ifiitiif dhikeessu, gatii isi'iititti harka shan keessaa harka tokko itti dabalee abbaa karraatiif deebisuu ti. \v 6 Inni horii keessaa korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne, gatii ati itti madaaltetti, kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu ana Mootii Waan Maraatiif gara hayyichaa fiduu ti. \v 7 Hayyichi waan namichi hujee yakkaa itti te'e san maraaf, fuula kiyya duratti gumaa godhee kennuu ti; namichille araara hin dhaggata» jedhe. \s1 Kennansa Duuduma Gubamu \p \v 8 Mootiin Waan Maraa Muuse'een \v 9 «Aaronii fi ilmaan isaa ajaja kana ajaji: ‹Kun seerata kennansa gubamuu ti: kennansi gubamu halkan guutuu haga bari'iititti addee ciinca'aa irra turuu ti; ibiddille addee ciinca'aa irratti itti bobe'aa buluu ti. \v 10 Hayyichi lukee nafa isaatitti aantu ta quncee talba'aa irraa hujante hidhatee, woyaa ifii ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee, daadhaa kennansa addee ciinca'aatitti gubamuu san irraa fuudhee, addee ciinca'aatiin cina'atti gad naquu ti. \v 11 Achiin duuba woyaa ifii san jijjiiratee daadhaa san addee quttumaatiin ala addee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu teetetti geessuu ti. \v 12 Ibiddi addee ciinca'aa irraa ittuma bobe'uutii malee ijjumaa hin dhaamin. Hayyichi ganama ganama qoraan itti dabaluu ti; kennansa gubamulle ibidda san irratti tarree galchee, moora kennansa tokkumma'aa san irratti gubuu ti. \v 13 Ibiddi yennaa mara addee ciinca'aa irratti bobe'uutii malee ijjumaa hin dhaamin. \s1 Kennansa Midhaanii \p \v 14 « ‹Seerri kennansa midhaanii asii gad jira: Sanyii ilmaan Aaronii keessaa hayyichi tokko addee ciinca'aatiin duratti, kennansa midhaanii ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. \v 15 Hayyichi bullaa dansaa zayitiin ejersaa itti dhangalaafame san ooboo tokko guutuu, hixaana kennansa midhaanii irra jiru san mara woliin fuudhee, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, yaadannoo akka te'u, addee ciinca'aa irratti gubuu ti. \v 16 Ka hafe Aaronii fi ilmaan isaa uukoo malee, badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woldeenna'aatitti addee woyyittii keessatti nyaatanuu ti. \v 17 Uukoo malee bilcheeffantuu ti. Ani kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa qooda isaanii akka teetuuf kenneera. Isiin akkuma kennansa araara cubbu'uutii fi yakka'aatiif dhikaatuu guddoo woyyitti'i. \v 18 Sanyii Aaronii keessaa dhiirti martinuu kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu irraa hin nyaatan; kun dhalootaa haga dhalootaatitti qooda isaanii hin te'a. Nami kennansa san tuqe marti woyyuu hin te'a› jedhi» jedhe. \s1 Kennansa Midhaanii Ka Yennaa Hayyichi Guddaan Muudamu Dhikaatu \p \v 19 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, \v 20 «Aaronii fi ilmaan isaa keessaa guyyaa hayyichi guddaan muudamu, kennansi ana Mootii Waan Maraatiif fidanu: bullaa dansaa kennansa yennaa mara dhikaatuuf, kiiloo giraamii lama keessaa gamisa barii, gamisa galgala dhikeessanuu ti. \v 21 Bullaa zayitii ejersaatiin sukkuumantee akka dansaa wolitti makantee, eelee sibiilaatitti bilcheeffantee, caccaffantee akka kennansa midhaaniititti, ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittu naaf dhikeessanuu ti. \v 22 Ilmaan Aaronii keessaa hayyichi isa bakka bu'iisaaf muudamelle akkasuma tolchuu ti. Kun ana Mootii Waan Maraatiif seera bara baraa ti. Qooda kiyya waan te'eef duudumaa gubamuu qaba. \v 23 Kennansi midhaanii ka hayyichi dhikeessu martinuu gubamuu ti malee hin nyaatamin» jedhe. \s1 Kennansa Araara Cubbu'uutiif Dhikaatu \p \v 24 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 25 «Aaronii fi ilmaan isaatiin, ‹Kun seera kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu ti: horiin araara cubbu'uutiif kennamu irraa caalaa woyyuu ka te'e keessaa tokko waan te'eef, addee kennansi gubamu itti qalamutti, fuula ana Mootii Waan Maraa duratti qalamuu ti. \v 26 Hayyichi kennansa araara cubbu'uu ciincessu addee woyyittii keessatti badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti foon san nyaatuu ti. \v 27 Wonni foon san tuqe marti woyyuu te'a; dhiigi horii sanii woya'atti yoo faca'e, addeen inni itti faca'e sun addee woyyitti'itti dhiqantuu ti. \v 28 Okkoteen foon sun itti iffeelame caccabuu qaddi; okkotee sageettuu irraa hujante yoo teete ammoo rigantee bisaaniin dhiqantuu ti. \v 29 Horiin qalame sun irra caalaa woyyuu ka te'e keessaa tokko waan te'eef, maatii hayyootaa keessaa dhiirti martinuu foon san nyaatanuu ti. \v 30 Horii araara cubbu'uutiif dhikaatee, dhiigi isaa gumaa cubbu'uutiif Dunkaanii Woldeenna'aa keessa addee irra caalaa woyyittii teete yoo seene, foon horii sanii gubamuutii malee hin nyaatamin. \c 7 \s1 Kennansa Sababa Yakka'aatiif Dhikaatu \p \v 1 « ‹Seerri irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko ka te'e, ka kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu asii gad jira: \v 2 Adduma kennansi gubamu itti qalamutti kennansi sababa yakka'aatiif dhikaatulle qalamuu ti; dhiigi isaalle cinaa addee ciinca'aa maratti fiffixamuu ti. \v 3 Coomi duma isaatii fi moorri meya gadha'aa gollu, \v 4 kalattiin lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin kennansaaf dhikaatanuu ti. \v 5 Kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatanu waan te'aneef, hayyichi akka kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu addee ciinca'aa irratti gubuu ti. \v 6 Maatii hayyichaa keessaa dhiirti martinuu nyaattuu ti; kennansi kun ka irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, addee woyyitti'itti nyaatamuu ti. \p \v 7 « ‹Kennansi araara cubbu'uutiif dhikaatu akkuma kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu waan te'eef, seerri isaanii tokkuma; foon kennansaaf dhikaate sun hayyicha gumaa tolchuuf te'uu ti. \v 8 Hayyichi horii nami kennansa gubamuuf fide san gubu, gogaa horii kennansa gubamuuf dhikaatee san ifiif fudhatuu ti. \v 9 Kennansi midhaanii ka barbada ibiddaa irratti woddame yookiin ka okkote'etti iffeelame yookiin ka eelee sibiilaatitti akowame sun hayyicha kennansa dhikeesse saniif kennamuu ti. \v 10 Kennansi midhaanii ka zayiti'iin sukkuumame yookiin ka zayitii hin qanne marti ilmaan Aaronii maraaf wol qixa qoodamuu ti. \s1 Kennansa Tokkumma'aa \p \v 11 « ‹Seerri kennansa tokkumma'aa ka Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu ka asii gad jiru: \v 12 Nami tokko kennansa galataa yoo dhikeesse, kennansa galataa san woliin bixee bullaa dansaa uukoo hin qanne ta zayiti'iin sukkuumante, bixee hephellittii uukoo hin qanne ta zayitiin irra dibamee fi zayiti'iin sukkuumante dhikeessuu ti. \v 13 Kennansa galataa ka tokkumma'aa kana woliin daabboo uukoo qaddu kennansa dhikeessuu qaba. \v 14 Gosa daabboo kennansaaf dhikaatte tokko tokkooyyuu irraa tokko tokko fuudhee ana Mootii Waan Maraatiif adda baasee, kennansa dhikeessee, hayyicha dhiiga kennansa tokkumma'aaf dhikaatu fiffixu saniif kennuu ti. \v 15 Foon kennansa galataa ka tokkumma'aa sun guyyuma kennansaaf dhikaate san nyaatamuutii malee, ijjumaa hin bulin. \p \v 16 « ‹Kennansi sun kennansa woreegaa yookiin kennansa fedhi'iin kennamu yoo te'elle, guyyuma dhikaate san nyaatamuu ti; wonni irraa hafe ammoo guyyaa itti aanu nyaatamuu ti. \v 17 Foon kennansaaf dhikaate san irraa hafee haga guyyaa sadii ture ibiddaan gubamuu qaba. \v 18 Foon kennansa tokkumma'aa sun guyyaa sadeesso'oo yoo nyaatame, kennansi namichaa fudhatama hin qabu; hin laakkowamuufille'e; battii waan te'eef, nami isa nyaate itti hin gaafatama. \p \v 19 « ‹Foon aadaa dhugeeffanna'aatiin waan battii te'e tuqe marti gubamuutii malee hin nyaatamin. Foon qulqulluu te'e ammoo nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu ti. \v 20 Nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin te'in foon kennansa tokkumma'aa ka ana Mootii Waan Maraa dhikaate irraa yoo nyaate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti. \v 21 Eennulle nama batticha yookiin horii batticha yookiin waan battii te'e mara tuqee, foon kennansa tokkumma'aa ka ana Mootii Waan Maraa dhikaate san yoo nyaate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti› jedhi» jedhe. \s1 Mooraa fi Dhiiga Nyaatiis Dhooggame \p \v 22 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 23 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Moora loonii, moora re'e'ee yookiin moora hoole'ee hin nyaatina'a! \v 24 Moora horii ifiin du'ee yookiin ka bineensi ijjeesee hujii dhibi'iif itti fayyadama'a malee hin nyaatina'a. \v 25 Nami moora horii kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamee dhikaatuu san nyaatu, kolbaa ifii keessaa bawuu ti. \v 26 Addee leetanu maratti dhiiga maraayyuu ka sinbirre'ee yookiin ka bineensaalle yoo te'e hin nyaatina'a. \v 27 Eennulle dhiiga yoo nyaate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti› jedhi» jedhe. \s1 Qooda Hayyichaaf Kennamu \p \v 28 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, \v 29 «Kolbaa Israa'elootaatiin, ‹Nami kennansa tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessu, kennansuma san irraa fuudhee kennansa naaf dhikeessuu ti. \v 30 Inni kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu harkuma ifiitiin dhikeessuu ti; moora cormii woliin fiduu ti; kennansa tachoofamuuf ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. \v 31 Hayyichi moora san addee ciinca'aa irratti gubuu ti; cormiin ammoo Aaronii fi ilmaan isaatiif kennamuu ti. \v 32 Kennansa tokkumma'aaf dhikaate luka gara middaa hayyichaaf kenna'a. \v 33 Ilmaan Aaronii keessaa dhiiga fi moora kennansa tokkumma'aa san ciinca'aaf ka dhikeesse, luka gara middaa ifiif fudhatuu ti. \v 34 Ani kennansa Israa'elootaa ka tokkumma'aa irraa, cormii tachoofantee fi luka ol fuudhante fuudhee, yennaa mara qooda isaanii akka te'u, Aaronii hayyichaa fi ilmaan isaatiif kenneera. Kun seera yennaa maraa ti. \v 35 Aaronii fi ilmaan isaa guyyaa hayyuu te'anee ana Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf muudamane, kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaate irraa qoodi isaaniif kenname kana. \v 36 Guyyaa isaan muudamane, Israa'elooti dhalootaa haga dhalootaatitti yennaa mara qooda isaanii akka te'u godhanee akka kennanu ani Mootiin Waan Maraa ajajeera› jedhiin» jedhe. \p \v 37 Seerri kennansa gubamuu, seerri kennansa midhaanii, seerri kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu, seerri kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu, seerri kennansa muudama hayyootaatiif dhikaatuu fi seerri kennansa tokkumma'aa kana. \v 38 Kun goomolee Siina'aa keessatti, Israa'elooti kennansa ifii akka Mootii Waan Maraatiif kennanu guyyaa ajaje, gaara Siina'aa irratti seera Mootiin Waan Maraa Muuse'eef kenne. \c 8 \s1 Muudama Aaroniitii fi Ilmaan Isaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Aaronii fi ilmaa isaa woliin woyaa hayyumma'aa ta isaanii, zayitii muudaa, dardara araara cubbu'uutiif kennamu, buruusota korbeeyyii hoole'ee lamaa fi kollonjoo daabboo uukoo hin qanne qaddu fidi. \v 3 Achiin duuba kolbaa Israa'elii duudii seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti wolitti qabi!» jedhe. \v 4 Muuseelle akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje tolchee, kolbaan marti seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti wolitti qabamane. \p \v 5 Muuseelle isaaniin, «Akka isin tolchitanuuf wonni Mootiin Waan Maraa ajaje kana» jedhe. \v 6 Achiin duuba Muuseen Aaronii fi ilmaan isaa gara duraa akka dhufanu godhee bisaaniin isaan dhiqe. \v 7 Aaronitti qoloo haga miilaa dheertuu itti uffisee, hiituu itti hidhee, qoloo gubba'aatii fi woyaa hayyumma'aa ta qomaa itti uffise. Inni woyaa hayyumma'aa ta qomaa san hiituu isi'ii ta worra ogummaa woyaa dhowiisa akka dansaa beekuun dhowanteen itti hidhe. \v 8 Inni kiisii qomaa itti hodhee, uriimii fi tumiim\f + \fr 8:8 \fr*\fqa Uriimii fi tumiim: \fqa*\ft Waan hayyichi fedhii Waaqaa murteessiisaaf itti fayyadamu.\ft*\f* keessa keye. \v 9 Akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje marata mata'aa mataa isaatitti maree, marata san irratti gara fuula duraatiin kallacha worqii irraa hujame ka beessisa woyyumma'aa itti qassiise. \p \v 10 Achiin duuba Muuseen zayitii muudaa fuudhee, Dunkaanii Woldeenna'aatii fi waan isii keessa jiru mara muudee woyyoonse. \v 11 Inni zayitii muudaa san irraa diqqoo isi'ii fuudhee addee ciinca'aa irratti yennaa torba fiffixee, addee ciinca'aatii fi meya isi'ii mara, qorii itti dhiqatanu waan qoriin sun irra keyatantu woliinuu Mootii Waan Maraatiif woyyoonsiisaaf muude. \v 12 Aaron woyyoonsiisaaf zayitii muudaa san irraa diqqoo isi'ii mataa isaa irratti dhangalaasee isa muude. \v 13 Akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti, Muuseen ilmaan Aaronii gara duraa fidee, qoloo haga miilaa dheeratu itti uffisee, hiituu itti hidhee, marata mata'aa mataa isaaniititti mare. \p \v 14 Achiin duuba inni dardara araara cubbu'uutiif dhikaatu fidee, Aaronii fi ilmaan isaalle harka ifii mataa dardara sanii irra keyane. \v 15 Muuseen dardara san qalee, addee ciinca'aa qulqulleessiisaaf, dhiiga diqqaa isaa fuudhee, quba ifiitiin gaafota addee ciinca'aa san mara dibee, ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaase; akka kanaan inni gumaa cubbu'uu addee ciinca'aatiif dhikeessee addee ciinca'aa san woyyoonse. \v 16 Muuseen moora meya gadha'aa gollu mara, qaccee tiru'uutii fi kalattii lamaanuu moora isii irra jiru mara woliin fuudhee addee ciinca'aa irratti gube. \v 17 Muuseen akkuma Mootii Waan Maraa isa ajajetti waan dardara sanii ka hafe, gogaa isaa foon isaatii fi meya gadha'aa addee quttumaatiin alatti baasee gube. \p \v 18 Achiin duuba inni korbeessa hoole'ee kennansa gubamuuf dhikeessee, Aaronii fi ilmaan isaa harka ifii mataa korbeessa sanii irra keyane. \v 19 Achiin duuba Muuseen korbeessa san qalee, dhiiga isaa cinaa addee ciinca'aa san maratti dhangalaase. \v 20 Inni korbeessa san kukkutee, mataa isaa, foon kukkutamee fi moora isaa gube. \v 21 Meya gadha'aatii fi manyee isaa bisaaniin dhiqee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti, foon korbeessaa maraayyuu, kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, ka foolee dansaa qabu godhee, addee ciinca'aa irratti gube. \p \v 22 Achiin duuba Muuseen korbeessa lammeesso'oo ka seera muudama hayyootaatiif dhikaatu fidee, Aaronii fi ilmaa isaa mataa isaa irra harka ifii keyane. \v 23 Muuseen korbeessa san qalee, dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra Aaronii ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa isse. \v 24 Achiin duuba inni ilmaan Aaronii gara duraa fidee, dhiiga san irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra isaanii ka gara middaa, quba isaanii abguddicha\f + \fr 8:24 \fr*\fqa Quba abguddicha: \fqa*\fqa Quba arguddicha worri jedhulle jira. \fqa*\f* ka harka middichaatii fi quba isaanii abguddicha ka miila middichaa isse. Dhiiga hafe cinaa addee ciinca'aa maratti dhangalaase. \v 25 Cooma isaa: cooma dumaa, moora meya gadha'aa mara, qaccee tiru'uu, kalattii lamaanuu moora isii irra jiru woliin, luka gara middalle fuudhe. \v 26 Achiin duuba daabboo uukoo hin qanne, ta kollonjoo fuula Mootii Waan Maraa dura jirtu irraa bixee tokko, bixee daabboo zayiti'iin sukkuumantee tokkoo fi bixee hephellittii fuudhee moora sanii fi luka gara middaa san irra keye; \v 27 Inni kana maraa harka Aaroniitii fi harka ilmaan isaa irra keye. Isaanille kennansa tachoofamu Mootii Waan Maraatiif dhikeessane. \v 28 Achiin duuba Muuseen kennansa san harka isaanii irraa fuudhee akka ciincaa muudama hayyootaatiif dhikaatuu, ka foolee dansaa qabuu godhee addee ciinca'aa irratti, kennansa gubamu irratti gube. \v 29 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti cormii korbeessa hoole'ee ta ciincaa muudama hayyootaatiif dhikaatu ta qooda ifii fuudhee, kennansa tachoofamu Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. \p \v 30 Achiin duuba Muuseen zayitii muudaatii fi dhiiga diqqaa isaa addee ciinca'aa irraa fuudhee, Aaronii fi woyaa isaatitti, ilmaan isaatii fi woyaa ilmaan isaatitti fiffixee, Aaronii fi woyaa isaa, ilmaan isaatii fi woyaa isaanii woyyoonse. \p \v 31 Achiin duuba Muuseen Aaronii fi ilmaan isaatiin, «Foon san seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti iffeela'aatii, akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti, daabboo kollonjoo kennansa muudama hayyootaatiif dhikaatte keessa jirtu woliin, achumatti nyaadha'a. \v 32 Foonii fi daabboo hatte ibiddaan guba'a. \v 33 Seerri muudama hayyummaa teessanii guyyaa torba waan fudhatuuf, haga guyyaan muudama hayyummaa teessanii muummowutti, haga guyyaa torbaa seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura tura'a. \v 34 Waan adha hujame kana cubbuu teessaniif gumaa tolchiisaaf Mootii Waan Maraatitti ajaje. \v 35 Akkuma Mootiin Waan Maraa na ajajetti, haga guyyaa torbaa halkanii fi guyyaa seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura tura'a. Akka hin duuneef waan Mootiin Waan Maraa isin irraa barbaadu huja'a» jedhe. \v 36 Maarre Aaronii fi ilmaan isaa waan Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajaje mara godhane. \c 9 \s1 Aaronii Fi ilmaan Isa Ciincaa Dhikeessuu Jalqabane \p \v 1 Muuseen guyyaa saddeetesso'oo Aaronii fi ilmaan isaa, jaarsolee Israa'elootaalle waame. \v 2 Inni Aaroniin, «Kennansa araara cubbuu teetiitiif dhikaatu dardara tokko, kennansa gubamuuf korbeessa hoole'ee tokko, lamaanuu ka fafa hin qanne fuudhiitii fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessi. \v 3 Achiin duuba Israa'elootaan, ‹Kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu korbeessa re'e'ee tokko, kennansa gubamuufille jibicha woggaa tokkootii fi korbeessa hoole'ee ka woggaa tokkoo lamaanuu ka fafa hin qanne fuudha'a! \v 4 Adha Mootiin Waan Maraa waan isinitti mudhatuuf, Kennansa tokkumma'aatiif kormaa fi korbeessa hoole'ee, kennansa midhaanii ka zayiti'iin sukkuumame woliin ciincessiisaaf Mootii Waan Maraa dura dhikeessa'a› jedhiin» jedhe. \p \v 5 Isaan waan Muuseen ajaje mara Dunkaanii Woldeenna'aa dura fidane; wolde'i duudiin dhufanee fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbatane. \v 6 Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Ulfinni Mootii Waan Maraa akka isinitti mudhatuuf, tun waan Mootiin Waan Maraa isin ajaje» jedhe. \v 7 Muuseen ammalle Aaroniin, «Addee ciinca'aa dhaqiitii, kennansa keeti ka araaraa cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa keeti ka gubamu ciincessiitii, kolba'aa fi ifiifille gumaa cubbu'uu kenni. Akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti marroo kolba'aatiif kennansa dhikeessiitii gumaa cubbuu isaanii kenni» jedhe. \p \v 8 Maarre Aaron gara addee ciinca'aa dhaqee, jibicha araaraa cubbuu isaatiif dhikaate san qale. \v 9 Ilmaan isaa dhiiga jibichaa san isatti fiddee, inni quba ifii dhiiga san keessa cuuphee gaafota addee ciinca'aa san dibe; ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaase. \v 10 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu irraa moora, kalattii lamaanuu, qaccee tiru'uu addee ciinca'aa irratti gube. \v 11 Inni foonii fi gogaa addee quttumaatiin alatti ibiddaan gube. \p \v 12 Achiin duuba inni kennansa gubamu san qale. Ilmaan isaa dhiiga jibichaa isatti fidanee, inni cinaa addee ciinca'aa maratti dhangalaase. \v 13 Ilmaan isaa kennansa gubamiisaaf qalame san kukkuttee mataa woliin isatti fidde. Innille addee ciinca'aa irratti gube. \v 14 Achiin duuba inni meya gadha'aatii fi manyee dhiqee kennansa gubamu woliin addee ciinca'aa irratti, kennansa gubamu irratti gube. \p \v 15 Achiin duuba Aaron kennansa marroo kolba'aa dhikeesse. Korbeessa re'e'ee ka araara cubbuu kolba'aatiif dhikaate san fuudhee qalee, akkuma qara araara cubbuu ifiitiif dhikeesse san araara cubbu'uutiif dhikeesse. \p \v 16 Inni horii kennansa gubamuuf dhikaate san fidee akkuma seeraatitti ciincaa dhikeesse. \v 17 Inni kennansa midhaaniille fidee, ooboo tokko irraa fuudhee, ciincaa ganama ganama dhikaatutti ede'ee addee ciinca'aa irratti gube. \p \v 18 Aaron kormaa fi korbeessa hoole'ee ka marroo kolba'aa kennansa tokkumma'aatiif dhikaate san qale. Ilmaan isaa dhiiga horii sanii isatti fidanee, inni cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaase. \v 19 Ilmaan Aaronii moora kormaatii fi moora korbeessa hoole'ee, duma isaa, moora meya gadha'aa, kalattii lamaanuu, qaccee tiru'uulle fuudhanee, \v 20 cormii kormaatii fi korbeessaa san irra keyane; Aaronille moora san mara addee ciinca'aa irratti gube. \v 21 Akkuma Muuseen ajajetti cormi'ii fi luka gara middaa, kennansa tachoofamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeesse. \p \v 22 Achiin duuba Aaron harka ifii gara kolba'aa diriirsee isaan eebbise; ciincaa araara cubbu'uutiif dhikaatu, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesseen duuba gad bu'e. \p \v 23 Muuse'ee fi Aaron gara dunkaanii woldeenna'aa seenane; isaan yennaa gad bayane kolbaa eebbisane; ulfinni Mootii Waan Maraalle kolbaa san maratti mudhate. \v 24 Ibiddi Mootii Waan Maraa biraa gad bu'ee kennansa gubamuu fi moora addee ciinca'aa irra jiru san mara nyaatee fixe; kolbaan marti waan kana dhagganee, gammadanee ilillisaa gad gombifamane. \c 10 \s1 Du'a Naadaabii fi Abiihu'uu \p \v 1 Ilmaan Aaronii, Naadaabii fi Abiihuun girgiraa ifii fudhatanee, ibidda itti naqanee, hixaanalle itti naqane; ibidda inni hin ajajin Mootii Waan Maraa dura dhikeessane. \v 2 Maarre ibiddi Mootii Waan Maraa biraa dhufee, gubee isaan fixe; isaanille Mootii Waan Maraa duratti du'ane. \v 3 Achiin duuba Muuseen Aaroniin, «Kun waan Mootiin Waan Maraa qara yennaa dubbate, \q1 «‹Ani worra gara kiyya dhikaatu oddu'utti \q2 woyyummaa tiyya hin mudhisa; \q2 kolbaa mara duratti \q2 ulfinna hin dhaggadha› jedheera» jedhe. \p Aaron garuu womaa hin dubbanne. \p \v 4 Muuseen Miishaa'elii fi Elzaafaan ilmaan Uzii'elii abbaa diqqaa Aaronii waamee, «Kowa'aatii reeffa ilmaan obboleessa keessanii addee woyyittii tana irraa fageessa'aatii, addee quttumaatiin alatti baasa'a» jedhe. \v 5 Maarre isaanille dhufanee akkuma muuseen isaan ajajetti, akkuma isaan qoloo haga miilaa dheerattu uffatane saniin reeffa isaanii ba'atanee addee quttumaatiin alatti baasane. \p \v 6 Achiin duuba Muuseen Aaronii fi ilmaan Aaronii Ele'azaarii fi Itaamaariin, «Isin akka hin duuneef, Mootiin Waan Maraa kolba'atti akka hin mufanne, gadditanee rifeensa mataa keessanii filatiisa hin dhabina'a! Woyaa teessanille hin tarsaafatina'a! Garuu obboleeyyan teessan ta Mootiin Waan Maraa ibiddaan fixe saniif firri keessan Israa'elooti marti bowuu hin dande'an. \v 7 Mootiin Waan Maraa zayitii muudaa ta ifiitiin waan isin muudeeruuf, akka hin duuneef seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duraa hin deemina'a» jedhe. Isaanille akkuma Muuseen isaan ajaje godhane. \s1 Seerata Hayyootaaf Kenname. \p \v 8 Mootiin Waan Maraa Aaroniin, \v 9 «Akka hin duuneef atii fi ilmaan teeti Dunkaanii Woldeenna'aa yennaa seentanu daadhii woyni'ii yookiin untoo nama macheessitu hin unina'a. Kun dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti. \v 10 Isin waan woyyuu te'ee fi waan woyyuu hin te'in, waan aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'inii fi waan qulqulluu te'e gargar baasa'aa beeka'a. \v 11 Seerata ani Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kenne mara kolbaa Israa'elii barsiisa'a!» jedhe. \p \v 12 Muuseen Aaronii fi ilmaan Aaronii worra hafe Ele'azaarii fi Itaamaaniin, «Kennansi midhaanii ka kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatu irraa hafe sun kennansa irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, fuudha'aatii, uukoo malee bukeessa'aatii, addee ciinca'aa biratti nyaadha'a. \v 13 Kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa kun qooda keetii fi qooda ilmaan teetii waan te'eef, addee woyyitti'itti isa nyaadha'a! Ani tana ajajameera. \v 14 Atii fi ilmaan teeti, durri teetille cormii tachoofantee fi luka ol fuudhante san nyaadha'a. Kun kennansa tokkumma'aa ka Israa'elooti dhikeessitu keessaa qooda keetii fi ijoollee teetii waan te'eef, addee akka aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu teetetti nyaadha'a. \v 15 Luki ol fuudhantee fi cormiin kennansa tachoofamuuf dhikaatte sun, moora kennansa ibiddaan gubamuuf dhikaate, ka kennansa tachoofamuuf Mootii Waan Maraatiif akka dhikaatu kenname woliin dhikaatuu ti. Kun akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti haga bara baraa qooda keetii fi qooda ijoollee teetii hin te'a» jedhe. \p \v 16 Muuseen korbeessa re'e'ee ka kennansa araara cubbu'uutiif dhikaate san yennaa jabeessee iyyaafate, akka inni gubameeru beekee, ilmaan Aaronii worra hafe, Ele'azaarii fi Itaamaaritti aaree, \v 17 «Kennansi araara cubbu'uutiif dhikaate sun kennansa irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, isin maaf addee woyyitti'itti nyaatuu dhaddane? Mootiin Waan Maraa akka isin fuula isaa duratti gumaa kennitanee kolbaa irraa yakkaa akka balleessitanu isiniif kenneeyyu. \v 18 Dhiigi korbeessaa sun gara addee woyyitti'ii waan seenuu dhabeef, akkuma ani isin ajajetti silaa isin korbeessa san addee woyyitti'itti nyaatuu qaddaniiyyu» jedhe. \p \v 19 Aaronille deebisee Muuse'een, «Kunoo, isaan adha kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa gubamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessaneeran; wonni akkasii kun analle dhaqqaddeerti; ani adha kennansa araara cubbu'uutiif dhikaate kana adoo nyaadhee jiraadhee silaa Mootiin Waan Maraa natti hin gammadaa ree?» jedhe. \v 20 Muuseelle dubbii tana yennaa dhage'e gammade. \c 11 \s1 Gosa Bineensota Nyaatanuu \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, \v 2 «Israa'elootaan, ‹Bineensota maraa fi horii mara keessaa ka isin nyaatuu dandeettanu: \v 3 ka kotteen isaa baqaqa qadduu fi ka alalfatu mara nyaatuu hin dandeettan. \p \v 4 « ‹Bineensota alalfatu ka kotteen isaa baqaqa hin qanne yookiin ka kotteen isaa baqaqa qabaattee hin alalfanne hin nyaatina'a. Gaalli hin alalfata, garuu kotteen isaa baqaqa waan hin qanneef, akka aadaa dhugeeffanna'aatitti battii isiniif te'uu ti. \v 5 Osoleen hin alalfatti, garuu kotteen isi'ii baqaqa waan hin qanneef, battii isiniif teetuu ti. \v 6 Hilleensi hin alalfata, garuu kotteen isaa baqaqa waan hin qanneef, battii isiniif te'uu ti. \v 7 Booyyee kotteen isi'ii baqaqa qaddi, garuu waan hin alalfanneef, battii isiniif teetuu ti. \v 8 Isaan kun isiniif battii waan te'aneef, foon isaanii hin nyaatina'a; reeffa isaaniille hin tuqina'a. \p \v 9 « ‹Bineensota abbaayaa keessatti yookiin laga keessatti dadamane keessaa, ka koolaa fi solloqqee qabanu nyaadhu. \v 10 Bineensota abbaayaa keessatti yookiin laga keessatti dadamanee munyuuqanu mara keessaa, ka koola hin qanne yookiin ka solloqqee hin qanne ammoo hin nyaatina'a. \v 11 Isaan isiniif battii waan te'aneef, foon isaanii hin nyaatina'a; reeffa isaanille hin tuqina'a. \v 12 Waan bisaan keessa le'u keessaa wonni koolaa fi solloqqee hin qanne marti isiniif battii te'uu ti. \p \v 13 « ‹Gosa sinbirre'ee keessaa ta isiniif battii teetee fi ta isin ijjumaa hin nyaanne: risaa, allaattii, rumicha, \v 14 culullee, jajjuu, \v 15 harraaqqessa gosa adda addaa, \v 16 guchii, baabboo, haanqaa, jajjuu gosa adda addaa, \v 17 urunguu, huummoo, qillisaa, \v 18 urunguu adii, urunguu goomole'ee, allaattii gosa adda addaa, \v 19 qongaa, dhaatii, looyyituu\f + \fr 11:19 \fr*\fqa Looyyituu: \fqa*\ft Gosa sinbirre'ee ti. Isiin lafa tokko tokkotti tuuttujaa jedhanti.\ft*\f*, cirricho'o. \p \v 20 « ‹Dadi didiqqoon koolaan ka'anu ka luka afuriin deemanu marti isiniif battii te'anuu ti. \v 21 Te'uu malee dadi koola qabaatanee, luka afuriin deemanu keessaa ka ittiin utaaliisaaf luka qondhooffatu qabanu mara hin nyaattan. \v 22 Kana keessaa, ka akka korophiisa gosa adda addaa, farda waaqaa gosa adda addaa, awwaannisa gosa adda addaa hin nyaattan. \v 23 Ka dhibiin ammoo dadi didiqqoon ka koola qabaatanee luka afuriin ideemanu marti isiniif battii te'anuu ti. \p \v 24 « ‹Isaan kun isin batteessan; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 25 Nami reeffa isaanii lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; inni haga galgalaatitti battii hin te'a. \p \v 26 « ‹Bineensii fi horiin kotteen isaanii baqaqa qabaattee addee lamatti hin qoodaminii fi ka hin alalfanne isiniif battii te'anuu ti; nami reeffa isaanii tuqe marti battii hin te'a. \v 27 Dada luka afuriin ideemanu keessaa ka barru'uun ideemanu marti isiniif battii te'anuu ti; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgala battii hin te'a. \v 28 Isaan isiniif battii waan te'aneef, nami reeffa isaanii lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; inni haga galgalaatitti battii hin te'a. \p \v 29 « ‹Bineensota lafa irra munyuuqanu keessaa worri battii te'e: tuqaa, hantuuta, qarcoo\f + \fr 11:29 \fr*\fqa Qarcoo: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti lootuu jedhan.\ft*\f* gosa adda addaa, \v 30 bulee goggogaa, naacha, qocaa, wokkallaa\f + \fr 11:30 \fr*\fqa Wokkallaa: \fqa*\ft Bineensa naacha fakkaatu ka naacha irra diqqaatu.\ft*\f*, gaararraa, \v 31 bineensota lafa irra munyuuqanu mara keessaa isaan kun isiniif batti'i; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 32 Bineensoti akkasii du'ee meya muka irraa, woyaa irraa, gogaa irraa yookiin keeshaa irraa hujame irra yoo bu'e, mey sun marti battii hin te'a; bisaan keessa keya'a; te'uu malee haga galgalaatitti battii hin te'an; achiin duuba qulqulluu hin te'an. \v 33 Reeffi isaanii meya faara irraa hujame keessa yoo bu'e, wonni keessa jiru marti battii waan teetuuf meya san cassa'a. \v 34 Bisaan meya san keessaa Sagalee nyaatanu maratti yoo cophe, sagaleen sun battii hin teeti; wonni meya san keessaa unanu marti battii hin te'a. \v 35 Wonni reeffi isaanii irra bu'e marti battii hin te'a; eeleen yookiin okkoteen sun cacadduu ti. Isaan martinuu batti'i; akka batti'iititti isaan ilaala'a. \v 36 Wonni dhibiin ta reeffa bineensotaa fi horii kanaa tuqe marti battii te'anulle, maddi yookiin boolli bisaanii hin battoottu. \v 37 Reeffi isaanii midhaan sanyi'ii irra yoo bu'e, sanyiin sun hin battoottu. \v 38 Ammoo midhaan sanyi'iititti bisaan copheeruun reeffi bineensotaa fi horii sanii yoo irra bu'e, sanyiin sun isiniif battii hin teeti. \p \v 39 « ‹Bineensaa fi horiin akka isin nyaattanu eeyyamame keessaa tokko yoo du'e, nami reeffa isaa tuqe haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 40 Nami foon bineensaa fi horii du'ee san nyaate woyaa ifii dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. Nami reeffa san lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. \p \v 41 « ‹Dadi gadha'aan lafa irra sinqiiqqataa deemanu marti batti'i; isaan hin nyaatina'a. \v 42 Dadi gadha'aan lafa irra sinqiiqqatanu, ka gadha'aan lafa irra lowanu, ka miila afuriin sinqiiqqataa deemanu yookiin ka miila bacaa qabanu marti isiniif battii waan te'aneef hin nyaatina'a. \v 43 Bineensota akkanaa kana nyaattanee ifi hin batteessina'a; karaa isaaniitiin battii ifi hin godhina'a yookiin isaaniin hin battowina'a. \v 44 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ani woyyuu waan te'eef, isinille ifi adda baasa'aatii, woyyuu te'a'a. Dada gadha'aan lafa irra sinqiiqqatanu kanaan ifi hin batteessina'a. \v 45 Ani Waaqa keessan te'iisaaf, Mootii Waan Maraa ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; tanaaf, ani woyyuu waan te'eef, isinille woyyuu te'a'a. \p \v 46 « ‹Seerri marroo bineensotaa, marroo sinbirrootaa, marroo bineensota bisaan keessaatii fi marroo bineensota lafa irra munyuuqanu maraaf kenname kana. \v 47 Isin waan battii te'ee fi waan qulqulluu te'e, dada lafa irraa ta lubbuu qaddu keessaa ka nyaatamanuu fi ka hin nyaatanne gargar baasa'aatii beeka'a› jedha'a» jedhe. \c 12 \s1 Deyaan Duuba Qulqulloomiisa Dubartootaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Israa'elootaan, ‹Dubartiin ulfoottee ilma yennaa deettu, akkuma xuriin isi'ii ji'uma ji'aan yennaa dhutte battoottu, akka aadaa dhugeeffanna'aatitti guyyaa torbaaf battii hin teeti. \v 3 Guyyaa saddeeteso'ootitti mucaan haqanqabaa qabatuu ti. \v 4 Achiin duuba dubartittiin haga xurii ifii irraa qulqulloontutti, guyyaa soddomii sad eegattuu ti. Haga guyyaan qulqulloomiisa isi'ii muummowutti waan woyyuu te'e hin tuqin yookiin gara addee woyyitti'ii hin dhaqin. \v 5 Yoo durra deette akkuma yennaa xurii isi'ii haga torbaan lamaa battii hin teeti. Achiin duuba isiin xurii ifii irraa qulqulloomiisaaf, guyyaa jaatamii jaa eegattuu ti. \p \v 6 « ‹Dubartittiin ilma yookiin intala deettee yennaan qulqulloomiisa isi'ii yennaa muummotte, isiin kennansa gubamuuf buruusoo hoole'ee ka woggaa tokkoo, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu maddoo yookiin saphaliisa seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti gara hayyichaa fidduu ti. \v 7 Innille cubbuu isi'iitiif gumaa tolchiisaaf fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. Isiille akka aadaa dhugeeffanna'aatitti dhiiga isii irraa dhangala'u irraa hin qulqulloonti. Seerri yennaa dubartiin ilma yookiin intala deettee kana. \p \v 8 « ‹Isiin buruusoo hoole'ee dhikeessuu yoo hin dandeenne, saphaliisa lama yookiin maddoo lama takkattii kennansa gubamuuf, takkattii araara cubbu'uutiif dhikeessituu ti; akka kanaan hayyichi cubbuu isi'iitiif gumaa tolchee, isiin hin qulqulloonti› jedhiin» jedhe. \c 13 \s1 Seera Marroo Dhukkuba Goga'aa Farrisiisa'aa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, \v 2 «Nama gogaa nafa ifii irratti iita yookiin robbii yookiin baarilee\f + \fr 13:2 \fr*\fqa Baarilee: \fqa*\ft Worri baararree jedhulle jira.\ft*\f* qabaatee, gara dhukkuba goga'aa farrisiisa'aatitti yoo jijjiiramu te'e, gara Aaronii yookiin ilmaan isaa keessaa gara nama hayyuu te'ee fidanuu ti. \v 3 Hayyichi madaa gogaa namichaa san qorqoruu ti; rifeensi madaa san keessa jiru adii te'ee yoo jiraate, addeen mada'aa sun gogaa keessa dabartee gara keessaa boollottee yoo jiraate, kun dhukkuba goga'aa farrisiisa'a. Hayyichi qorqoree hubateen duuba akka aadaa dhugeeffanna'aatitti akka inni battii te'eeru beessisuu ti. \v 4 Baarileen gogaa namichaa irraa sun gara keessaa boollottee yoo hin jiraanne, rifeensi isii keessaalle adii te'ee yoo hin jiraanne, hayyichi nama dhibamaa san haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti. \v 5 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi isa qorqoree, madaan sun akkuma duraa teetee gogaa isaa keessa babadhataa yoo hin jiraanne, hayyichi ammalle haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti. \v 6 Hayyichi ammalle guyyaa torbeesso'ootitti isa qorqoruu ti; madaan sun qoortee gogaa keessa babadhatiisa lakkittee qoortee yoo jiraatte, dhukkubi sun robbii waan te'eef, hayyichi qulqullummaa isaa beessisuu ti. Namichille woyaa ifii dhiqatuu ti; inni qulqulluu hin te'a. \v 7 Hayyichi isa qorqoree qulqulluu akka inni te'e beessiseen duuba robbiin sun gogaa isaa keessaa babadhataa yoo deente, inni ammalle hayyicha dura dhikaatuu ti. \v 8 Hayyichi isa qorqoree robbiin sun gogaa isaa keessa babadhataa deemee yoo jiraate, dhukkubi sun dhukkuba goga'aa farrisiisa'a; hayyichi namichi sun battii akka te'e beessisuu ti. \p \v 9 «Nami tokko dhukkuba goga'aa farrisiisaa yoo qabaate gara hayyichaa fidanuu ti. \v 10 Hayyichi isa qorqoruu ti; Gogaa isaa keessa iiti adiin rifeensa isaa adii gootee, iita san keessaa foon diimaan yoo ol baye, \v 11 dhukkuba goga'aa farrisiisaa hidda naqate waan te'eef namichi sun battii akka te'e hayyichi beessisuu ti. Inni battii waan te'eef hayyichi qofi isa hin baasin. \p \v 12 «Dhukkubi sun guddatee gogaa namichaa mara irratti bayee, hayyichi qorqoree yennaa ilaalu, mata'aa haga miila isaa yoo golle, \v 13 hayyichi ammalle isa qorqoree, dhukkubi sun nafa namichaa mara akka golle yoo dhagge, namichi qulqulluu akka te'e beessisuu ti. Gogaan isaa marti adii waan te'eef, inni qulqulluu hin te'a. \v 14 Madaan sun kulkultee foon diimaan yoo isa irratti mudhate ammoo inni battii hin te'a. \v 15 Hayyichi qorqoree foon diimaa yoo isa irratti dhagge, namichi battii akka te'e beessisuu ti. Foon diimaan sun battii waan te'eef, namichi dhukkuba goga'aa farrisiisaa qaba. \v 16 Foon diimaan sun deebi'ee yoo addaate ammoo inni gara hayyichaa dhaquu qaba. \v 17 Hayyichille isa qorqoruu ti. Madaan sun deebitee yoo addaatte namichi sun qulqulluu akka te'e hayyichi beessisuu ti; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a. \p \v 18 «Nami tokko gogaa ifii irratti iita qabaatee, iiti sun yoo fayye, \v 19 addee iitaa san irratti, iiti adiin yookiin baarileen diimattee addaattu yoo mudhatte, inni gara hayyichaa dhaquu ti. \v 20 Hayyichille qorqoruu ti; iiti sun gogaa keessa dabartee boollottee, rifeensi isii keessaalle addaatee yoo jiraate, dhukkubi sun dhukkuba goga'aa farrisiisaa, iita irratti baye waan te'eef, namichi battii akka te'e hayyichi beessisuu ti. \v 21 Hayyichi yennaa qorqoree rifeensi adiin iita san keessa yoo hin jiraanne, iiti sun gogaa keessa dabartee adoo hin boollowin, qoortee yoo jiraatte, hayyichi haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti. \v 22 Robbiin sun gogaa keessa babadhatte yoo jiraatte, dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan te'eef, hayyichi akka inni battii te'e beessisuu ti. \v 23 Robbiin sun adduma jirtutti hattee yoo hin babadhatin, gadaannisa iitaa qofa waan te'eef, hayyichi akka inni qulqulluu te'e beessisuu ti. \p \v 24 «Nama tokko gogaan isaa yennaa gubate, addee gubate san irratti baarileen diimattee addaattu yookiin addiin yoo mudhatte, \v 25 Hayyichi baarilee san qorqoruu ti; rifeensi baarilee san keessa jiru adii te'ee yoo jiraate, addeen mada'aa sun gogaa keessa dabartee gara keessaa boollottee yoo jiraate, kun dhukkuba goga'aa farrisiisaa addee gubatte san keessatti baye waan te'eef, hayyichi namichi battii akka te'e beessisuu ti. \v 26 Hayyichi baarilee san qorqoree, rifeensi adiin isii keessa yoo hin jiraanne, baarileen sun gogaa keessa dabartee adoo hin boollowin, qoortee yoo jiraatte, hayyichi haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti. \v 27 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi ammalle qorqoruu ti; baarileen sun gogaa keessa babadhattee yoo jiraate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan te'eef, hayyichi akka inni battii te'e beessisuu ti. \v 28 Baarileen sun adduma jirtutti hattee gogaa keessa adoo hin babadhatin qoortee yoo jiraatte, gadaannisa iita addee gubatee qofa waan te'eef, hayyichi akka namichi qulqulluu te'e beessisuu ti. \p \v 29 «Namichi tokko yookiin dubartiin takka mataa irratti yookiin areeda irraa madaa yoo qabaatane, \v 30 hayyichi madaa san qorqoruu ti; madaan sun gogaa keessa dabartee, rifeensi isii keessaa hadhooticha te'ee qadhatee yoo jiraate, dhukkuba citto'oo yookiin dhukkuba goga'aa farrisiisaa mataa irratti yookiin areeda irratti baye waan te'eef, hayyichi nami sun battii akka te'e beessisuu ti. \v 31 Hayyichi madaa akkasii tana yennaa qorqore ammoo, madaan sun gogaa keessa adoo hin dabarin, rifeensi gurraachille keessa yoo hin jiraatin, hayyichi nama san haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti. \v 32 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi ammalle madaa san qorqoruu ti; madaan sun adoo hin babadhatin, rifeensi isii keessaa booka fakkaatee gogaa keessa dabartee gara keessaa boollottee yoo hin jiraatin, \v 33 hayyichi addee mada'aa san qofa lakkisee rifeensa irraa haadatuu ti; hayyichi guyyaa torba itti dabalee ammalle qofi isa baasuu ti. \v 34 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi ammalle madaa san qorqoruu ti; madaa sun gogaa keessa dabartee babadhattee yoo hin jiraatin, hayyichi akka inni qulqulluu te'e beessisuu ti. Namichille woyaa ifii dhiqatuu ti; inni qulqulluu hin te'a. \v 35 Inni qulqulluu akka te'e beessifameen duuba madaan sun gogaa keessa babadhataa yoo deente ammoo, \v 36 hayyichi isa qorqoruu ti; madaan sun gogaa keessa babadhattee yoo jiraatte, namichi battii waan te'eef, hayyichi rifeensa booka fakkaatu san ilaaluu hin barbaachisu. \v 37 Te'uu malee, akka ilaalcha hayyichaatitti madaan sun achumatti hattee, rifeensi guraachi keessatti latee yoo jiraate, madaan sun fayyiteerti. Namichi qulqullu'u; akka inni qulqulluu te'e hayyichi beessisuu ti. \p \v 38 «Namichi tokko yookiin dubartiin takka gogaa ifii irratti baarilee adii yoo qabaatane, \v 39 hayyichi isaan qorqoruu ti; madaan sun babadhattee shankallittii yoo teete, robbii gogaa irratti baate malee ta miituu moti; namichi sun qulqullu'u. \p \v 40 «Nami tokko rifeensa mataa ifii yoo dhabe, molu'utti isa nyaate; inni qulqullu'u. \v 41 Inni rifeensa ifii adda irraa yoo dhabe, molu'utti isa nyaate; inni qulqullu'u. \v 42 Inni moluu ifii irratti yookiin adda ifii irratti madaa diimattee addaattu yoo qabaate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa mataa isaa irratti yookiin adda isaa irratti baye. \v 43 Hayyichi isa qorqoruu ti; mataa isaa irratti yookiin adda isaa irratti madaan diimattee addaattu ta dhukkuba goga'aa farrisiisaa fakkaattu yoo mudhatte, \v 44 nami sun dhukkuba goga'aa farrisiisaa qaba; battiille'e. Inni mataa ifii irraa madaa waan qabuuf, hayyichi akka inni battii te'e beessisuu ti. \p \v 45 «Nami dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu woyaa tarsaate uffatuu ti; mataa ifii hin filatin; woyaa afaanitti qabatee, ‹Ani batti'i! Ani batti'i!› jedhaa lallabuu ti. \v 46 Inni haga dhukkuba goga'aa farrisiisaa san qabu batti'i. Inni qofi le'uu ti; addee quttumaatiin ala le'uu ti. \s1 Seera Woyaa Dhukkuba Goga'aa farrisiisa'aan Tuttuqantee \p \v 47 «Woyaan rifeensa hoole'eetiin yookiin quncee talba'aatiin hujante takka, dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan yoo tuttuqante, \v 48 woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante yookiin ta rifeensa hoole'ee irraa hujante yookiin ta quncee talba'aa irraa hujante yookiin gogaan marti yookiin waan gogaa irraa hujamelle yoo te'e, \v 49 addeen tuttuqante sun magariisottee yookiin diimattee woyaa irratti yookiin waan gogaa irraa hujame irratti yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante irratti yookiin ta harkaan dhowante irratti yookiin meya gogaa irraa hujame mara irratti yoo mudhatte, dhukkuba goga'aa farrisiisaa babadhataa deemu waan te'eef hayyichatti mudhifamuu ti. \v 50 Hayyichi dhukkuba san qorqoree, woyaa dhukkubaan tuttuqante san guyyaa torbaaf qofi baasuu ti. \v 51 Guyyaa torbeesso'ootitti ammalle qorqoruu ti; dhukkubi sun woyaa irratti, woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante irratti, waan gogaa irraa hujame irratti yoo mudhate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa hama'a; mey sunille batti'i. \v 52 Hayyichi woyaa yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante, Woyaa rifeensa hoole'eetiin yookiin quncee talba'aatiin hujante yookiin meya gogaa irraa hujame mara ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan tuttuqame gubuu ti; inni dhukkuba goga'aa farrisiisaa hamaa waan te'eef, mey sun gubamuu ti. \p \v 53 «Hayyichi yennaa qorqoru, dhukkubi sun woyaa irratti yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante irratti yookiin ta harkaan dhowante irratti yookiin meya gogaa irraa hujame irratti babadhatee yoo hin jiraanne, \v 54 mey tuttuqame sun akka dhiqamu ajajuu ti. Achiin duuba meya san ammalle guyyaa torbaaf qofi baasuu ti. \v 55 Mey tuttuqame sun dhiqameen duuba hayyichi qorqoruu ti; dhukkubi sun bifa ifii yoo hin jijjiiratin, meya keessa babadhatuu dhabulle, mey sun batti'i; dhukkubi sun meya san gara keessaatiin yookiin gara duubaatiin tuttuqee jiraatulle ibiddaan gubuu ti. \v 56 Mey sun dhiqameen duuba ammoo hayyichi yennaa qorqoru, dhukkubi sun woyaa irraa qooree yoo jiraate, addee dhukkubi tuttuqe san woyaa irraa yookiin waan gogaa irraa hujame irraa yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante irraa tarsaasuu ti. \v 57 Dhukkubi sun ammalle woyaa irratti yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante irratti yookiin meya gogaa irraa hujame irratti deebi'ee yoo mudhatte, inni dhukkuba babadhataa deemu waan te'eef, mey dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu sun marti ibiddaan gubamuu ti. \v 58 Woyaan yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante yookiin mey gogaa irraa hujame marti dhiqamee irraa badeen duuba deebi'ee dhiqamuu ti; mey sun qulqulluu hin te'a» jedhe. \p \v 59 Kun seera uffanni rifeensa hoole'ee irraa hujame yookiin woyaan meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante yookiin mey gogaa irraa hujame martille ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan tuttuqame, dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa akka qulqulloome yookiin battii akka te'e ittiin beekkamu. \c 14 \s1 Seera Dhukkuba Goga'aa Farrisiisaa Irraa Qulqulloomiisaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Seerri nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu akka aadaa dhugeeffanna'aatitti akka inni qulqulloomuuf gara hayyichaa yennaa fidanuu ka asii gad jiru: \v 3 Hayyichi addee quttumaatiin alatti bayee nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu san qorqoruu ti. Nami sun dhukkuba san irraa fayyee yoo jiraate, \v 4 hayyichi sinbirroota qulqulluu lama ta lubbu'uun jirtu, muka hindheensaa, liilana dhiille'ee fi baala muka hisoophii namicha qulqulleeffamu saniif akka fidanu ajajuu ti. \v 5 Achiin duuba hayyichi sinbirroota san keessaa takkattii, okkotee bisaan maddaa keessa jiru irratti akka qalantu ajajuu ti. \v 6 Achiin duuba sinbirree lubbu'uun jirtu san fuudhee muka hindheensaa, liilana dhiille'ee fi baala muka hisoophii woliin dhiiga sinbirree okkotee bisaan maddaa keessa jiru irratti qalante san keessa cuuphuu ti. \v 7 Dhiiga nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa qulqulleeffamu sanitti yennaa torba fiffixee akka inni qulqulluu te'e beessisuu ti. Achii duuba Sinbirree lubbu'uun jirtu san diidatti gad lakkisuu ti. \p \v 8 «Nami qulqulloome sun woyaa ifii dhiqatuu ti; rifeensa ifii mara haadatee, nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; achiin duuba inni akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin te'a. Tanaan duuba addee quttumaatitti deebi'uu ti; te'uu malee haga guyyaa torbaa dunkaanii ifiititti adoo hin galin ala turuu ti. \v 9 Guyyaa torbeesso'ootitti ammalle rifeensa ifii mara haadatuu ti; rifeensa mata'aa, ka areeda, ka gaara ilaatii fi ka nafa ifii irraa mara haadatuu ti; woyaa ifii dhiqatee, nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a. \p \v 10 «Guyyaa saddeetesso'oo ammoo buruusoo korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi gorontii hoole'ee buruusoo takkattii ta woggaa tokkoo ta fafa hin qanne dhikeessuu ti; akkasuma kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama jaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumantee fi zayitii ejersaa buttullee tokko\f + \fr 14:10 \fr*\fqa Buttullee tokko: \fqa*\ft Buttulleen tokko kun litirii tokko keessaa harka tokko hin te'a.\ft*\f* fiduu ti. \v 11 Hayyichi akka inni qulqulloome beessisu sun namicha qulqulloomuu fi kennansa inni kenne san woliin gara Dunkaanii Woldeenna'aa fuula Mootii Waan maraa dura dhikeessuu ti. \p \v 12 «Achiin duuba hayyichi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san keessaa tokko fuudhee, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu, kennansa tachoofamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. \v 13 Inni buruusoo korbeessa hoole'ee san addee woyyittii kennansi araara cubbu'uutii fi kennansi gubamu qalamutti qaluu ti. \v 14 Hayyichi dhiiga buruusoo korbeessa hoole'ee ka kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu san irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dibuu ti. \v 15 Hayyichi zayitii ejersaa san irraa diqqoo isi'ii fuudhee barruu harka ifii bitaachaatitti dhangalaasuu ti; \v 16 Quba ifii ka harka middichaa zayitii barruu harka isaa bitaacha keessa jirtu keessa cuuphee yennaa torba Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti. \v 17 Zayitii ejersaa ta barruu harka isaa keessatti hatte san qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dhiiga kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatee san irratti dabalee dibuu ti. \v 18 Zayitii ejersaa ta barruu harka isaatitti hatte san hayyichi mataa namicha qulqulloomuu san dibee, Mootii Waan Maraa duratti gumaa isaaf godhuu ti. \p \v 19 «Achiin duuba hayyichi kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu san ciincessee, nama battummaa ifii irraa qulqulloomu saniif gumaa godhuu ti. Saniin duuba horii kennansa gubamuu san qalee, \v 20 addee ciinca'aa irratti kennansa midhaanii woliin dhikeessee, gumaa isaaf godhuu ti; innille qulqulluu hin te'a. \p \v 21 «Te'uu malee, nami sun hiyyeessa te'ee waan kana dhikeessuu yoo dadhabe, cubbuu ifiitiif gumaa godhiisaaf, kennansa tachoofamu ka sababa yakka'aatiif dhikaatu buruusoo korbeessa hoole'ee tokko fuudhee, kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloo lama, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin fiduu ti. \v 22 Akkasuma saphaliisa lama yookiin maddoo lama keessaa ka dande'u, takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, takkattii kennansa gubamuuf dhikeessuu ti. \p \v 23 «Isaan kana guyyaa saddeetesso'oo qulqulloomiisa ifiitiif seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti fuula kiyya duratti gara hayyichaa fiduu ti. \v 24 Hayyichi buruusoo korbeessa hoole'ee ka sababa yakka'aatiif dhikaatu san fuudhee, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. \v 25 Inni buruusoo korbeessa hoole'ee ka sababa yakka'aatiif dhikaate san qalee, dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dibuu ti. \v 26 Hayyichi zayitii ejersaa san irraa diqqoo isi'ii fuudhee barruu harka ifii bitaachaatitti dhangalaasuu ti. \v 27 Quba ifii ka harka middichaatiin barruu harka ifii keessaa zayitii ejersaa san diqqoo isi'ii yennaa torba ana Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti. \v 28 Zayitii ejersaa diqqoo ta barruu harka isaa keessa jirtu san irraa diqqoo isi'ii adduma dhiiga horii sababa yakka'aatiif dhikaate dibe san, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa itti dabalee dibuu ti. \v 29 Hayyichi zayitii ejersaa ta barruu harka isaatitti hatte, gumaa cubbu'uu isaaf tolchiisaaf, ana Mootii Waan Maraa duratti, mataa namicha qulqulloomu saniititti dibuu ti. \v 30 Achiin duuba inni saphaliisa yookiin maddoo namichi fiduu dande'e san ciincessuu ti. \v 31 Takkattii kennansa araara cubbu'uutiif taan ammoo kennansa gubamuuf, kennansa midhaanii woliin dhikeessuu ti. Akka kanaan hayyichi namicha qulqulloomu saniif fuula ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa hin tolcha» jedhe. \v 32 Kun Seera nama dhukkuba farrisiisa'aan qabamee, hiyyeessa waan te'eef, ittiin qulqulloomiisaaf, kennansa barbaachisaa te'e kennuu dadhabee ti. \s1 Dhukkuba Goga'aa Farrisiisaa Mana Keessaa Irraa Akka Ittiin Qulqulloomanu \p \v 33 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, \v 34 «Lafa kana'aanii, ta ani qooda keessan godhee isiniif kennu sanitti yennaa galtanu, ani mana lafa sanii tokko keessatti dhukkuba goga'aa farrisiisaa yoo buuse, \v 35 abbaan mana sanii gara hayyichaa dhaqee, ‹Waan dhukkuba goga'aa farrisiisaa fakkaatu mana kiyya keessatti dhaggeera› jedhee hayyichatti himuu ti. \v 36 Hayyichi mana san dhaqee dhukkuba goga'aa farrisiisaa san adoo hin qorqoriniin dura, mey mana san keessa jiru marti akka hin battoonne, mana keessaa akka gad baasanu ajajuu ti; achiin duuba hayyichi mana san seenee qorqoruu ti. \v 37 Hayyichi dhukkuba goga'aa farrisiisaa san dhaaba manaa irra qorqoruu ti; wonni bifa magariisaa yookiin diintuun dhaaba mana dhaka'aa boollessitee yoo dhaggante, \v 38 Hayyichi mana keessaa bayee guyyaa torbaaf mana san cufuu ti. \v 39 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi deebi'ee mana san qorqoruu ti; dhukkubi sun dhaaba mana dhaka'aa irra faffaca'ee yoo jiraate, \v 40 hayyichi dhakaan dhukkubi goga'aa farrisiisaan irratti dhaggame sun hoqonqolamee bayee qacha'aan alatti addee batti'itti akka gatamu ajajuu ti. \v 41 Saniin duuba inni dhaaba mana dhaka'aa san mara gara keessaatiin irraa duguugee, waan irraa hoqooqame san qacha'aan alatti addee batti'itti akka gatamu godhuu ti. \v 42 Achiin duuba dhakaa dhibii fidanee addee dhakaa kaan baasanetti keyanee, faara haareyaan dhoobbanuu ti. \p \v 43 «Dhakaan keessaa bayee, dhaabi mana dhaka'aa sun hoqooqamee dhoobbameen duuba dhukkubi deebi'ee mana keessatti yoo mudhate, \v 44 hayyichi dhaqee qorqoruu ti; dhukkubi sun mana keessa faffaca'ee yoo jiraate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa hama'a; manni sunille batti'i. \v 45 Manni sun diigamee, dhakaan isaa, muki isaa, faarri isaa ka itti dhoobbame marti qacha'aan alatti addee batti'itti gatamanuu ti. \v 46 Manni sun cufameeruun nami tokko keessa yoo seene, nami sun haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 47 Nami mana san keessa rafe yookiin keessatti nyaate woyaa ifii dhiqatuu ti. \p \v 48 «Manni sun dhoobbameen duuba hayyichi dhufee yoo qorqoru ammoo, dhukkubi goga'aa farrisiisaan sun mana san keessa faffaca'ee yoo hin jiraatin, dhukkubi sun waan badeeruuf, manni sun qulqulluu akka te'e hayyichi beessisuu ti. \v 49 Mana san qulqulloonsiisaaf, inni sinbirree lama, muka hindheensaa, liilana dhiille'ee fi baala hisoophii dhikeessuu ti. \v 50 Sinbirroota san keessaa takkattii okkotee bisaan maddaa keessa jiru irratti qaluu ti. \v 51 Achiin duuba muka hindheensaa, baala muka hisoophii, liilana dhiille'ee fi sinbirree lubbu'uun jirtu san fuudhee, dhiiga sinbirree qalanteetii fi bisaan maddaa ka okkotee keessa jiru san keessa cuuphee mana sanitti yennaa torba fiffixuu ti. \v 52 Inni dhiiga simbirre'eetiin, bisaan maddaatiin, sinbirree lubbu'uun jirtuun, muka hindheensaatiin, baala muka hisoophiitii fi liilana dhiille'een mana san qulqulloonsuu ti. \v 53 Achiin duuba inni sinbirree lubbu'uun jirtu san qacha'aan alatti diidatti gad lakkisuu ti. Akka kanaan inni mana saniif gumaa tolchee, manni sun qulqulluu hin te'a» jedhe. \p \v 54 Seerri kun seera dhukkuba goga'aa farrisiisa'aa, dhukkuba citto'oo, \v 55 dhukkuba goga'aa farrisiisaa ka woyaa keessaa yookiin ka mana keessaa, \v 56 ka iitaa, ka robbi'ii yookiin ka baarile'ee ti. \v 57 Wonni tokko qulqulluu akka te'e yookiin qulqulluu akka hinte'in isaan kanaan beekkama. \p Seerri kun seera marroo dhukkuba gosa kana maraa ti. \c 15 \s1 Dhukkuba Copha'aa Ka Nama Batteessu \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, \v 2 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u, wonni dhangala'u sun batti'i. \v 3 Nafa hilaa isaa keessaa wonni dhangala'u sun ittuma fufee yoo dhangala'e yookiin dhangala'iisa yoo lakkiselle nami sun batti'i; wonni isa keessaa dhangala'u sun akki ittiin battummaa fiddu: \p \v 4 « ‹Taqeen nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u irra irkate marti battii hin teeti; wonni inni irra te'e martille hin battootti. \v 5 Nami taqee isaa tuqe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 6 Waan nami nafa hilaa ka isaa keessaa woy dhangala'u irra tee'e irra nami tee'e marti woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 7 Nama nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u nami tuqe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 8 Nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u nama qulqulluu tokkotti yoo tufe, nami inni itti tufe sun woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 9 Kooraan nami nafa hilaa isaa keessa woy dhangala'u irra tee'e marti battii hin te'a. \v 10 Waan nama san jala jiru mara nami tuqe marti haga galgalaatitti battii hin te'a; waan nami sun irra tee'e mara nami fuudhe woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; Garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 11 Nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u harkaa ifii adoo hin dhiqatin nama tokko yoo tuqe, nami inni tuqe sun woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 12 Okkoteen nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u tuqe cadduu ti; meya muka irraa hujame yoo te'e bisaaniin dhiqamuu ti. \p \v 13 « ‹Nami waan nafa hilaa isaa keessaa dhangala'u irraa yennaa qulqulloome, akka aadaa dhugeeffanna'aatitti guyyaa torba eegatuu ti; woyaa ifii dhiqatee, nafa ifiille bisaan maddaatiin dhiqatuu ti; inni qulqulluu hin te'a. \v 14 Guyyaa saddeeteso'ootitti saphaliisa lama yookiin maddoo lama fidee, seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti ana Mootii Waan Maraa dura dhufee hayyichatti kennuu ti. \v 15 Hayyichille isaan keessaa takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, taan ammoo kennansa gubamuuf dhikeessuu ti; akka kanaan sababa waan nafa hilaa isaa keessaa dhangala'u saniitiif fuula ana Mootii Waan Maraa duratti namicha saniif gumaa tolchuu ti. \p \v 16 « ‹Nama tokko bisaan sanyi'ii isa keessaa yoo dhangala'e, nafa ifii mara bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 17 Woyaan yookiin wonni gogaa irraa hujame ta bisaan sanyi'ii tuqe sun marti bisaaniin dhiqantuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin teeti. \v 18 Nami tokko dubartii woliin rafee, bisaan isaa ka sanyii te'u isa keessaa yennaa dhangala'e, isaan lamaanuu nafa ifii bisaaniin dhiqatanuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'an. \p \v 19 « ‹Dubartii takka xuriin yoo dhutte, battummaan isi'ii ta xuri'ii haga guyyaa torbaa hin turti; nami isii tuqelle haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 20 Yennaa xuriin isi'ii dhutteertu, wonni isiin irra irkatte yookiin irra teette marti battii hin te'a. \v 21 Nami taqee isi'ii tuqe marti, woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 22 Nami waan isiin irra teete irra te'ee woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 23 Taqee isi'ii yookiin waan isiin irra teette mara nami tuqe haga galgalaatitti battii hin te'a. \v 24 Nami tokko isii woliin rafee xuriin isi'ii sun yoo isa tuxxe, inni haga guyyaa torbaa battii hin te'a; taqeen inni irra irkate marti battii hin teeti. \p \v 25 « ‹Dubartii takka yennaa xuriin isi'ii ta ji'uma ji'aan dhuttu irra dabartee dhiigi isii irraa guyyaa hedduu yoo jige yookiin xuriin isi'ii dabarteen duuba dhiigi isii irraa jigu sun yoo hin lakkisin, akkuma yennaa xurii isi'ii san, haga dhiigi sun dhaabbatu battii hin teeti. \v 26 Akkuma yennaa xuriin isi'ii ji'uma ji'aan dhutteertu sanii, yennaa dhiigi isii irraa jigiisa hin lakkisin mara, taqeen isiin irra irkatte marti yookiin wonni isiin irra teette marti battii hin te'a. \v 27 Nami waan san tuqe marti battii hin te'a; inni woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. \p \v 28 « ‹Dhiigi isii irraa jigu sun yennaa dhaabbate, guyyaa torba eegattuu ti; saniin duuba akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin teeti. \v 29 Guyyaa saddeetesso'ootitti saphaliisa lama yookiin maddoo lama fiddee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti hayyichatti kennituu ti. \v 30 Hayyichi isaan keessaa takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, taan kennansa gubamuuf dhikeessuu ti. Akka kanaan battummaa dhiiga isii irraa jigu saniif fuula ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa isi'iif hin tolcha. \p \v 31 « ‹Kolbaan Israa'elii Dunkaanii Woldeenna'aa tiyya ta odduu isaanii jirtu san akka hin batteessine, battummaa ifiille'een akka hin duune, isin waan isaan batteessu irraa adda isaan baasa'a› jedha'a» jedhe. \p \v 32 Seerri nama nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'uuf yookiin nama bisaan isaa ka sanyii te'u keessaa dhangala'uuf, \v 33 dubartii xuriin isi'ii dhutteertuuf, dhiira yookiin dubartii woy keessaa dhangala'uuf, dhiira dubartii akka aadaa dhugeeffanna'aatitti battootteertu woliin rafuuf kenname kana. \c 16 \s1 Guyyaa Gumaa Cubbu'uu \p \v 1 Ilmaan Aaronii lamaan Mootii Waan Mara dura dhikaatanee du'aneen duuba, Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Ani qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu irratti duumensaan waan mudhadhuuf, obboleessi keeti Aaron gara addee irra caalaa woyyitti'ii ta gollaa keessa, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ka Saanduqa Gondooro'oo irra jiru san dura yennaa ifii barbaade mara akka hin seenne itti himi. Inni ajaja kana yoo hin muummessin hin du'a. \v 3 Inni gara addee irraa caalaa woyyitti'ii adoo hin seeniniin dura kennansa araara cubbu'uutiif dardara tokko, kennansa gubamuuf, korbeessa hoole'ee tokko dhikeessuu ti. \p \v 4 «Inni qoloo haga miilaa dheerattu woyyittii quncee talba'aa irraa hujante lukee nafa isaatitti aantu ta quncee talba'aa irraa hujante woliin uffatuu ti; hiituu quncee talbaa irraa hujante hidhatee, marata mata'aa ka quncee talba'aa irraa hujame mata'atti maratuu ti. Isaan kun uffana woyyoomane waan te'aneef, inni nafa ifii dhiqatee uffatuu ti. \v 5 Inni korbeeyyii re'e'ee lama kennansa araara cubbu'uutiif, korbeessa hoole'ee tokko kennansa gubamuuf, kolbaa Israa'elii irraa fuudhuu ti. \p \v 6 «Aaronille kennansa araara cubbuu ifiitiif dardara dhikeesse san, ifii fi maatii ifiitiif gumaa cubbu'uu tolchuu ti. \v 7 Achiin duuba inni korbeeyyii re'e'ee san lamaanuu fuudhee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. \v 8 Aaron korbeeyyii re'e'ee lamaan san tokko ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf, kaan gad lakkisiisaaf hixaa buusuu ti. \v 9 Inni korbeessa ana Mootii Waan Maraatiif hixaan itti bu'e san fidee kennansa araara cubbu'uutiif ciincessuu ti. \v 10 Korbeessa cubbuu kolba'aatiif gumaa tolchiisaaf goomole'etti akka gad lakkifamu hixaan itti bu'e san ammoo ana Mootii Waan Maraa dura lubbu'uun dhikeessuu ti. \p \v 11 «Aaron dardara kennansa araara cubbuu ifiitiif dhikaatu san dhikeessee, ifii fi maatii ifiitiif gumaa tolchiisaaf qaluu ti. \v 12 Addee ciinca'aa ta fuula kiyya dura jirtu san irraa kashila girigiraa guutu'uu fi hixaana bulleeffame ka uddaa dansaa qabu ooboo lama fuudhee, gara addee irra caalaa woyyitti'ii geessuu ti. \v 13 Hixaana san ana Mootii Waan Maraa duratti ibiddatti naquu ti. Akka inni hin duuneef, aarri hixaana sanii qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ta Saanduqa Gondooro'oo irra jirtu san hin golla. \v 14 Inni dhiiga dardaraa san irraa diqqaa isaa fuudhee quba ifiitiin qadaaddaa gumaa cubbu'uu gubba'atti gara duraatiin itti fiffixuu ti; achiin duuba dhiiga san diqqaa isaa qadaaddaa gumaa cubbu'uu san duratti yennaa torba fiffixuu ti. \p \v 15 «Achiin duuba inni korbeessa re'e'ee san araara cubbuu kolba'aatiif qaluu ti; dhiiga isaalle gara addee irra caalaa woyyitti'ii ta gollaa keessaa geessee akkuma dhiiga dardaraa godhe san qadaaddaa gumaan araara cubbu'uu gubba'atti fiffixuu ti; qadaaddaa araara cubbu'uu san duralle'etti fiffixuu ti. \v 16 Akka kanaan inni sababa battummaa, finqilaa fi cubbuu Israa'elootaa maraatiif addeen irra caalaa woyyitti'ii akka hin battoonne gumaa araara cubbu'uu hin tolcha; Dunkaanii Woldeenna'aa ta odduu isaanii battummaa isaanii wodhakkaa jirtulle akkasuma hin godha. \v 17 Yennaa Aaron addee woyyittii keessatti gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, Dunkaanii Woldeenna'aa seenu, haga inni ifiif, maatii ifiitii fi kolbaa Israa'elii duudi'iif gumaa cubbu'uu tolchee gad bayutti, nami tokkolle Dunkaanii Woldeenna'aa keessa hin jiraatin. \p \v 18 «Achiin duuba inni gara addee ciinca'aa ta fuula kiyya dura jirtuu gad bayee, gumaa cubbu'uu isi'iif tolchuu ti; dhiiga dardaraatii fi korbeessa re'e'ee san irraa diqqaa isaa fuudhee gaafota addee ciinca'aa san mara dibuu ti. \v 19 Dhiiga san irraa diqqaa isaa fuudhee quba ifiitiin yennaa torbaa addee ciinca'aa irratti fiffixee, battummaa kolbaa Israa'elii irraa adda baasee, addee ciinca'aa san qulqulleessuu ti. \p \v 20 «Aaron addee irra caalaa woyyitti'iif, Dunkaanii Woldeenna'aatiif, addee ciinca'aatiifille gumaa cubbu'uu tolchee fixeen duuba, korbeessa re'e'ee ka lubbu'uun jiru san dhikeessuu ti. \v 21 Inni harka ifii lamaanuu mataa korbeessa re'e'ee ka lubbu'uun jiruu san irra keyee, hammeennaa fi finqila, cubbuu Israa'elootaa mara faaci'ee mataa korbeessa sanii irra keyuu ti. Achiin duuba Aaron korbeessa san gad lakkisee nami hujii tanaaf filame gara lafa goomole'ee geessa. \v 22 Korbeessi sun cubbuu isaanii mara ba'atee gara lafa goomole'ee deema; namichille korbeessa san lafa nami keessa le'uu hin dandeenne goomolee keessatti gad hin lakkisa. \p \v 23 «Achiin duuba Aaron gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenee, woyaa quncee talba'aa irraa hujante ta yennaa addee irra caalaa woyyitti'ii seenu uffatu san ifi irraa baafatee achitti lakkisuu ti. \v 24 Addee woyyittii sanitti nafa ifii bisaaniin dhiqatee woyaa ifii uffatuu ti. Achiin duuba gad bayee gumaa cubbuu ifii tolchiisaaf kennansa gubamu dhikeessuu ti; kolba'aatiifille gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, kennansa gubamu dhikeessuu ti. \v 25 Cooma horii kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatee san addee ciinca'aa irratti gubuu ti. \p \v 26 «Namichi korbeessa re'e'ee san lafa goomole'ee geessee gad lakkise sun woyaa ifiitii fi nafa ifii dhiqateen duuba gara addee quttumaa seenuu hin dande'a. \v 27 Dardarrii fi korbeessi re'e'ee ka kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatane, ka dhiigi isaanii gumaa cubbu'uu tolchiisaaf addee irra caalaa woyyitti'ii seene sun, gogaan, foonii fi cumaan isaanii addee quttumaatiin alatti gad baasanee gubanuu ti. \v 28 Namichi isaan kana gube woyaa ifiitii fi nafa ifii dhiqatuu qaba; achiin duuba gara addee quttumaa seenuu hin dande'a. \s1 Guyyaa Gumaa Cubbu'uu Ulfeessiisa \p \v 29 «Seerati bara baraa ka isiniif kenname ka asii gad jiru: ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti, Israa'elootii fi nami ormaa ka isaan keessa jiru marti ifi gad qabuu ti; hujii tokkolle hin hujin. \v 30 Guyyaa kanatti isin qulqulleessiisaaf gumaan araara cubbu'uu waan tolfamuuf, isin ana Mootii Waan Maraa duratti cubbuu teessan mara irraa hin qulqulloontan. \v 31 Kun Sanbata guyyaa fooraa ti; ifi gad qaba'a; kun seerata bara baraa ti. \v 32 Hayyichi muudamee addee abbaa ifiititti hayyicha guddaa te'e sun qoloo woyyittii quncee talba'aa irraa hujante uffatee gumaa cubbu'uu tolchuu ti. \v 33 Addee irra caalaa woyyittii, Dunkaanii Woldeenna'aa, addee ciinca'aatiif, hayyootaa fi kolbaa maraafille gumaa cubbu'uu tolchuu ti. \v 34 Kun seerata bara baraa ka wogga'atti yennaa tokko cubbuu kolbaa Israa'eliitiif gumaa tolchitanu isiniif te'uu ti» jedhe. \p Tunille akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje hujante. \c 17 \s1 Addee Ciincaa Itti Dhikeessanu \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Ati Aaronii fi ilmaan isaatitti, Israa'eloota maralle'etti, waan ani Mootiin Waan Maraa ajaje kana himi! \v 3 Isaaniin, ‹Israa'elootaa keessaa nami addee quttumaatitti yookiin addee quttumaatiin alatti dardara, buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee qalee, \v 4 fuula Dunkaanii Woyyittii tiyyaa duratti ana Mootii Waan Maraatiif kennansa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa yoo hin fidin, nami sun yakkaan dhiiga dhangalaasiisaa itti muramuu ti; inni dhiiga waan dhangalaaseef kolbaa ifii keessaa bawuu ti. \v 5 Tanaaf kolbaan Israa'elii ciincaa diida keessatti Mootii Waan Maraatiif dhikeessite seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti gara hayyichaa fiddi; kennansa dhikaate san hayyichi kennansa tokkumma'aa godhee Mootii Waan Maraatiif dhikeessa. \v 6 Hayyichi dhiiga san addee ciinca'aa ta seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duraatitti fiffixuu ti; cooma san ka foolee dansaa qabu, ka Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee gubuu ti. \v 7 Haganaa achi kolbaan Israa'elii Mootii Waan Maraatiif addatamuu lakkittee, waaqota dharaa ka fakkii re'e'ee waaqonfatiisaan sagaagaltee, ciincaa hin dhikeessin; kun dhaloota dhufu mara keessatti seerata bara baraa isaaniif te'uu ti› jedhi. \p \v 8 «Ati isaaniin, ‹Isin Israa'eloota keessaa yookiin nama ormaa ka isin odduu jiru keessaa nami kennansa gubamu yookiin ciincaa dhibii dhikeessu tokko, \v 9 Mootii Waan Maraatiif ciincaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa yoo hin fidin kolbaa ifii keessaa bawuu ti. \s1 Seera Marroo Dhiigaa \p \v 10 « ‹Isin Israa'eloota keessaa yookiin orma isin odduu jiru keessaa nami tokko dhiiga yoo une yookiin foon dhiiga qabu yoo nyaate, ani diina itti hin te'a; nama san kolbaa keessaa hin baasa› jedhi. \v 11 Lubbuun dada maraa dhiiga keessa waan jirtuuf, gumaa lubbu'uulle ka te'u dhiiga waan te'eef, addee ciinca'aa irratti gumaa lubbuu teessanii akka te'u ani Mootiin Waan Maraa dhiiga isiniif kenneera. \v 12 Tanaaf ani, ‹Isin kolbaan Israa'elii dhiiga hin unina'a; ormi isin odduu le'ulle dhiiga hin unin› jedhe. \p \v 13 «Isin Israa'eloota keessaa yookiin orma isin odduu jiru keessaa nami tokko bineensa yookiin sinbirree nyaatamanu mara keessaa adansee yoo qabate dhiiga keessaa jissee biyye'een golluu ti. \v 14 Lubbuun dada maraa dhiiga keessa waan jirtuuf, ani kolbaa Israa'eliitiin, ‹Dhiiga dada maraa hin unina'a; nami dhiiga san unu marti kolbaa ifii keessaa bawuu ti. \p \v 15 « ‹Isin Israa'eloota keessa yookiin orma isin odduu jiru keessaa foon waan ifiin du'ee yookiin ka bineensi dhibiin qabee ijjeese nami nyaate, woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille dhiqatuu ti; garuu akka aadaa dhugeeffanna'aatitti haga galgalaa battii hin te'a; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a. \v 16 Woyaa ifiitii fi nafa ifiille bisaaniin yoo hin dhiqatin yakkaa ifiitiif itti hin gaafatama› jedhi» jedhe. \c 18 \s1 Wol Bira Geyiisa Dhooggame \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; \v 3 Waan worri biyya Gibxi'ii ta keessa leetane huju hin hujina'a; waan worri lafa kana'aanii ta ani amma itti isin galchu hujanulle hin hujina'a; aadaa isaaniille hin hordofina'a. \v 4 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; seera kiyyaaf ajajama'a; seerata kiyyalle ifi eegadha'aa hordofa'a. \v 5 Ani Mootii Waan Maraa ti; seerataa fi seera kiyya nami eegate lubbu'uun waan jiraatuuf isaan kana eegadha'a. \p \v 6 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; eennulle dubartii fira ifii bira geyiisaaf woliin hin rafin. \v 7 Ati haadha teeti woliin rattee bira geettee abbaa keeti hin salphisin; isiin haadha teeti waan teeteef isii bira hin geyin. \v 8 Niitii abbaa keetii bira geyiisaan abbaa keeti hin salphisin. \v 9 Obboleettii teeti bira geyiisaaf woliin hin rafin; intala abbaan keeti dubartii dhibii irraa uumate yookiin haati teeti nama dhibi'ii deette bira geyiisaaf woliin hin rafin. \v 10 Ati akka hin salphanneef, intala ilma keetii yookiin intala intala teetii bira hin geyin. \v 11 Obboleettii teeti waan teeteef, intala abbaa keetii ta masaanuu haadha teetii bira hin geyin. \v 12 Fira abbaa keetii waan teeteef, adaadaa teeti bira hin geyin. \v 13 Fira haadha teetii waan teeteef, obboleettii haadha\f + \fr 18:13 \fr*\fqa Obboleettii haadhaa: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa lankaamaa \fqa*\ft jedhan.\ft*\f* teetii bira hin geyin. \v 14 Haadiqqoo teeti waan teeteef, niitii obboleessa abbaa keetii bira hin geyin. \v 15 Niitii ilma keetii waan teeteef, niitii ilma keetii bira hin geyin. \v 16 Wosoo teeti waan teeteef niitii obboleessa keetii bira hin geyin. \v 17 Ati dubartii takka bira yoo geette, fira isi'ii waan te'aneef, intala isi'ii yookiin intala ilma isi'ii yookiin intala intala isi'ii bira hin geyin; tun waan hantu'u. \v 18 Haga niitiin teeti lubbu'uun jirtu obboleettii isi'ii fuutee masaanuu isi'ii hin tolchin; isii biralle hin geyin. \p \v 19 « ‹Dubartii xuriin dhuttee battootteertu bira hin geyin. \v 20 Niitii nama dhibi'ii bira geettee ifi hin batteessin. \v 21 Ani Mootii Waan Maraa ti; ijoollee teeti keessaa tokkolle waaqa dharaa Moleekiif, ciincaa tolchiisaaf dabarsitee kennitee, maqaa Waaqa keetii hin batteessin. \v 22 Waan battii waan te'eef, akka dubartii bira geettu dhiira bira hin geyin. \p \v 23 « ‹Waan battii waan te'eef, bineensaa fi horii bira geettee ifi hin batteessin; dubartiille horii bira hin geyin. \p \v 24 « ‹Isinille waan kana keessaa tokkolle'een ifi hin batteessina'a; kolbaan gosa adda addaa ta ani isin duraa oofee baasu waan kanaan waan battootteertuuf, \v 25 lattille battootte; anille cubbuu isi'iitiif isii adabe; lattille worra isii keessa le'u tutte. \v 26 Isin ammoo seerataa fi seera kiyya eeggadha'a; isin dhalataan biyyaa yookiin nami ormaa ka odduu teessan le'u waan battii tana hin hujina'a. \v 27 Worri isiniin dura lafa san keessa le'u waan battii tana waan hujeef, latti sun battootteerti. \v 28 Latti akkuma gosa biyya adda addaa ta isiniin duraa tutte, yoo isin isii batteessitane, isnille hin tutti. \v 29 Nami waan battii tana huje marti kolbaa ifii keessaa bawuu ti. \p \v 30 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ajaja kiyya eegadha'a; waan battii worri isiniin dura lafa san keessa le'u huje keessaa waan tokkolle hin hujina'a; hujii tanalle'een ifi hin batteessina'a› jedhi» jedhe. \c 19 \s1 Seera Adda Addaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Kolbaa Israa'elii duudi'iin, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan woyyicha waan te'eef, isinille woyyuu te'a'a. \v 3 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin marti abba'aa fi haadha teessaniif ulfinna kenna'a; guyyaa Sanbataa kiyya eeggadha'a. \p \v 4 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin gara waaqota dharaa hin deebi'ina'a yookiin waan baqisiifamu irraa waaqota dharaa hin hujatina'a. \p \v 5 « ‹Kennansa tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif ciincessiisaaf yennaa dhikeessitanu, akka fudhatama qabaatutti dhikeessa'a. \v 6 Ciincaan sun guyyuma isin dhikeessitane san yookiin guyyaa itti aanu nyaatamuu ti; ka irraa hafee haga guyyaa sadii geye gubamuu ti. \v 7 Guyyaa sadeesso'ootitti yoo nyaatane, battii waan te'eef, ciincaan sun fudhatama hin qabu. \v 8 Nami isa nyaate waan Mootii Waan Maraatiif woyyoome waan batteesseef, itti hin gaafatama; nami sun kolbaa ifii keessaa bawuu ti. \p \v 9 « ‹Lafa teessan irraa midhaan yennaa galfattanu, midhaan irga ficha'aa jiru hin haammatina'a yookiin woxoo hin qocatina'a. \v 10 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; midhaan woyni'ii yennaa wolitti qabattanu, ka damee irratti hafe yookiin ka lafatti harca'e hiyyeessaa fi nama ormaa ka odduu teessan le'uuf lakkisa'a malee, deebitanee woxoo hin qocatina'a. \p \v 11 « ‹Hin hatina'a! Dhara hin dubbatina'a! Wol hin sobina'a! \p \v 12 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; maqaa kiyyaan dharaan kakatanee, maqaa kiyya hin batteessina'a. \v 13 Nama hin sobina'a yookiin hin saamina'a; mindaa nama qaxartanee adoo hin kaffalin hin bulchina'a. \v 14 Ani Mootii Waan Maraa ti; ana Waaqa keeti sodaadhu malee, nama gurra duuda'aa hin abaarina'a yookiin nama ballaa dura gufuu hin keyina'a. \p \v 15 « ‹Haqa hin dassina'a; nama maraaf muraa dhuga'aa kenna'a malee, hiyyummaa isaa ilaaltanee hiyyeessaaf hin golina'a; dureessalle durummaa isaatiif ulfinna hin kennina'a. \p \v 16 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; kolbaa teessan keessa asii fi achi deemaa hin hamatina'a. Waan lubbuu namaa balleessu tokkolle hin hujina'a. \p \v 17 « ‹Ati gadhaa keeti keessatti obboleessa keeti hin jibbin; Yakkaa isaatiif gorsa isaaf kenni malee, sababa isaatiif yakkaamessa hin te'in. \v 18 Ani Mootii Waan Maraa ti; ati akka ifi jaalattu nama jaaladhu malee, haluu hin bayin, quuqaalle itti hin qabatin. \p \v 19 « ‹Seera kiyya eegadha'a. Horii gosa gara garaa wol hin dhaggachiisina'a. Sanyii gosa gara garaa lama fichaa tokko keessatti hin facaasina'a. Woyaa waan gosa lamaa irraa dhowante hin uffatina'a. \p \v 20 « ‹Nami tokko garbittii nama dhibi'iif kadhatante yoo woliin rafe, isiin ta wodante yookiin ta bilisa baate yoo hin te'in, itti gaafatamuu ti! Te'uu malee dubartiin sun waan bilisa hin bayiniif isaan hin ijjeefamanu. \v 21 Namichi garuu kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu korbeessa hoole'ee tokko seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. \v 22 Hayyichi ammoo korbeessa hoole'ee kennansa sababa yakka'aatiif dhikaate san cubbuu namichi hujeef, ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa tolchuu ti; cubbuu isaatiifille araarri hin kennama. \p \v 23 « ‹Isin lafa Kana'aaniititti galtanee muka midhaan isaa nyaatanu yennaa dhaabbatane midhaan muka sanii nyaatiis akka dhooggame beeka'a; woggaa sadiif midhaan muka sanii hin nyaatina'a. \v 24 Woggaa arfeesso'ootitti ammoo midhaan muka sanii marti kennansa galataa ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome hin te'a. \v 25 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; Woggaa shaneesso'ootitti ammoo midhaan muka sanii nyaadha'a; akka kanaan midhaan isin galfattanu isiniif hin misa. \p \v 26 « ‹Foon dhiigi keessa jiru hin nyaatina'a. Moruu yookiin xanoo hujiisa hin baratina'a. \p \v 27 « ‹Rifeensa mataa keessanii jala hin quxatina'a, areeda keessanille gabaassitanee hin muratina'a. \p \v 28 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama du'eef nafa ifi hin ciccirina'a. Nafa keessanille hin naqqafatina'a. \p \v 29 « ‹Latti gara sagaagalumma'aa akka hin deebine yookiin hammeennaan akka hin guutane, intala teeti hin batteessin. \p \v 30 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; Sanbata kiyya eeggadha'a; addee woyyittii tiyyaaf ulfinna kenna'a. \p \v 31 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin akka hin battoonneef gara worra ekeraa dubbisuu hin dhaqina'a yookiin moruu hin barbaadatina'a. \p \v 32 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; Waaqa keeti sodaadhu! Nama guddaa duraa ka'i; jaarsaaf ulfinna kenni. \p \v 33 « ‹Nami ormaa lafa teessan keessa isin woliin yennaa le'u, isa hin cunqursina'a. \v 34 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama ormaa ka isin woliin le'u akkuma nama dhalataa biyya keessaniititti ilaala'a; isinille biyya Gibxi'iititti orma teetanee waan turtaneertanuuf, akkuma ifi jaalattanu isa jaaladha'a. \p \v 35 « ‹Miki'iin\f + \fr 19:35 \fr*\fqa Miki'iin: \fqa*\ft Mikiin meeshaa haga woyii beekiisaaf itti fayyadamanu.\ft*\f*, waan ittiin madaaltanuu fi waan ittiin safartanuun nama hin sobina'a. \v 36 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase! Mikii, madaallii, waan ittiin safartanuu fi waan dhangala'u waan ittiin safartanu ka sirrii te'etti fayyadama'a. \p \v 37 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; seerataa fi seera kiyya mara eeggadha'aatii hordofa'a› jedhi» jedhe. \c 20 \s1 Adabbii Cubbuun Fiddu \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Isin keessaa yookiin nama ormaa ka isin woliin le'u keessaa nami tokkolle ilmaan ifii keessaa waaqa dharaa Moleekiif ciincaa yoo dhikeesse ijjeefamuu ti; kolbaan Israa'elii marti dhaka'aan isa tuntuu ti. \v 3 Inni ilmaan ifii keessaa waaqa dharaa Moleekiif kennee, addee woyyittii tiyya batteessee maqaa kiyya woyyichalle waan salphiseef, ani diina itti hin te'a; kolbaa keessalle'ee isa hin baasa. \v 4 Nami sun ilmaan ifii keessaa waaqa dharaa Moleekiif yennaa kennu kolbaan lafa sanii dhaggaa itti lakkittee yoo isa hin ijjeesin, \v 5 ani nama sanii fi maatii isaatitti diina hin te'a; isaa fi worra isa woliin waaqa dharaa Moleek waaqonfatu mara Kolbaa keessaa hin baasa. \p \v 6 « ‹Nama naaf addatamuu lakkisee, gara worra ekeraa dubbisuutii fi gara worra moruu dhaqee isaan hordofu, ani diina itti hin te'a; kolbaa keessalle'ee isa baasa. \v 7 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waan te'eef, ifi adda baasa'aatii, woyyuu te'a'a. \v 8 Ani Mootii Waan Maraa ka isin woyyoonsu; seerata kiyya eeggadha'aatii, muummessa'a. \p \v 9 « ‹Nami tokko abbaa ifii yookiin haadha ifii yoo abaare ijjeefamuu ti; abba'aa fi haadha ifii waan abaareef dhiiga ifiitiif isattuu itti gaafatama. \p \v 10 « ‹Nami tokko niitii nama dhibi'ii yoo gaarayyeeffate, namichi gaarayyeeffatee fi namittiin inni gaarayyeeffate sun isaan lamaanuu ijjeefamanuu ti. \v 11 Nami tokko niitii abbaa ifii woliin yoo rafe, abbaa ifii waan salphiseef innii fi isiille lamaanuu ijjeefamanuu ti; dhiiga ifiitiif isaanumatti itti gaafatama. \v 12 Nami tokko niitii ilma ifii woliin yoo rafe, kobaa waan te'eef, isaan lamaanuu ijjeefamanuu ti; dhiiga isaaniitiif isaanumatti itti gaafatama. \v 13 Nami tokko akkuma dubartii woliin rafu dhiira yoo damaame isaan lamaanuu waan battii waan hujaneef ijjeefamanuu ti; dhiiga isaaniitiif isaanumatti itti gaafatama. \v 14 Nami tokko dubartii takka fuudhee, haadha isi'iille yoo fuudhe, tun waan batti'i. Battummaan akkasii odduu teessan akka hin jiraanne, isaa fi isaan lamaanuu ibiddaan gubamanuu ti. \v 15 Nami tokko horii bira yoo geye, ijjeefamuu ti; horii sanille ijjeesa'a. \v 16 Dubartiin takka horii woliin yoo ratte, isi'ii fi horii sanille ijjeesa'a; dhiiga isaaniitiif isaanumatti itti gaafatama. \p \v 17 « ‹Nami tokko obboleettii ifii yookiin intala abbaan isaa dubartii dhibii irraa uumate yookiin intala haati isaa abbaa dhibi'iif deette yoo fuudhe, battii waan teeteef, kolbaa ifii keessaa bayanuu ti; obboleettii ifii waan salphiseef itti hin gaafatama. \v 18 Nami tokko dubartii xuriin dhutteertu yoo bira geye, xurii isi'ii waan saaxileef, isiille xurii ifii waan saaxilteef, isaan lamaanuu kolbaa ifii keessaa bayanuu ti. \p \v 19 « ‹Obboleettii haadha teetii yookiin adaadaa teeti bira hin geyin; tun fira ifii salphisuu waan teeteef isaan lamaanuu itti hin gaafataman. \v 20 Nami tokko niitii obboleessa abbaa ifii bira yoo geye, inni abbaa diqqaa ifii waan salphiseef, isaan lamaanuu itti hin gaafataman; ijoollee maleelle hin du'an. \v 21 Nami tokko niitii obboleessa ifii yoo fuudhe, tun hujii batti'i; obboleessa ifii waan salphiseef isaan lamaanuu ijoollee malee hin hafan. \p \v 22 « ‹Latti kana'aanii akka isin keessa leetanu ta ani isin itti galchu sun akka isin hin tunne, seerataa fi seera kiyya mara eegadha'aatii muummessa'a. \v 23 Isin akka aadaa kolbaa gosa adda addaa ta ani isin duraa ari'ee baasaaru san hin le'ina'a; isaan waan kana waan hujaneef, ani isaan diqadheera. \v 24 Isin ammoo lafa isaanii hin boojitan; lafa aananii fi dammaa san ani isiniif hin kenna. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka gosa biyya adda addaa keessaa adda isin baase. \v 25 Tanaaf horii, bineensotaa fi allaatota qulqulluu te'anee fi qulqulluu hin te'in gargar baasa'a; isin horii, bineensotaa fi allaatota yookiin waan lafa irra munyuuqu mara keessaa ta ani akka batti'iititti adda baase saniin ifi hin batteessina'a. \v 26 Ani Mootiin Waan Maraa woyyicha waan te'eef, isin kiyya akka teetanu gosa biyya adda addaa keessaa waan isin adda baaseef, isinille naaf woyyuu te'a'a. \p \v 27 « ‹Isin keessa dhiirti yookiin dubartiin ekeraa dubbisanu yookiin moruu moranu ijjeefamanuu ti; dhaka'aan tumamanuu ti; dhiiga ifiitiif isaanumatti itti gaafatama› jedhi» jedhe. \c 21 \s1 Seera Hayyootaaf Kenname \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati ilmaan Aaronii hayyootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Hayyichi tokko reeffa nama ifii tuqiisaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ifi hin batteessin. \v 2 Te'uu malee fira ifii ka dhiko'oo abbaa yookiin haadha ifii, ilma ifii yookiin intala ifii, obboleessa ifii \v 3 yookiin obboleettii ifii ta hin heerumin reeffa isaanii tuqiisaan ifi batteessuu hin dande'a. \v 4 Worra fuudhaa fi heerumaan isa woliin firoome reeffa isaanii tuqiisaan ifi hin batteessin. \p \v 5 « ‹Hayyooti mataa ifii hin haadatin yookiin areeda ifii cinaa hin haadatin yookiin nafa ifiille hin mummurin. \v 6 Isaan kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, sagalee ana Waaqa isaaniitiif dhikaattu hayyoota dhikeessanu waan te'aneef, woyyoomanuu ti; isaan ana Waaqa ifiitiif woyyoomanuu ti malee, maqaa kiyya hin batteessin. \v 7 Isaan hayyoota ana Waaqaaf woyyoomane waan te'aneef, dubartii sagaagaltee battootte yookiin dubartii abbaan manaa lakkise hin fuudhin. \v 8 Isaan worra ana Waaqa keetiif sagalee dhikeessanu waan te'aneef, ati isaan akka woyyuu te'anetti laakkow; ani Mootiin Waan Maraa ka isin woyyoonsu woyyuu waan te'eef, isaan woyyoota isiniif te'anuu ti. \v 9 Intalti hayyichaa takka sagaagaltee yoo ifi batteessite, abbaa ifii waan salphitteef ibiddaan gubantuu ti. \p \v 10 « ‹Hayyichi guddaan ka obboleeyyan ifii keessaa zayitii muudaa mataa isaatitti naqane, ka woyaa hayyumma'aa akka uffatuufille muudame gadda mudhisiisaaf, rifeensa mataa ifii filatiisa hin lakkisin; woyaa ifiille hin tarsaasin. \v 11 Inni addee reeffi jiru hin seenin; addee reeffi abbaa isaa yookiin haadha isaa jiru te'ulle achi seenee ifi hin batteessin. \v 12 Ani Mootii Waan Maraa ti; zayitiin muudaa ta ana Waaqa isaa ta inni ittiin woyyoome isa irra waan jirtuuf, addee woyyittii keessaa gad bayee, addee woyyittii ana Waaqa isaa hin batteessin. \p \v 13 « ‹Intalti inni fuudhu ta bantii qaddu teetuu ti; \v 14 Inni gosa ifii keessaa intala bantii qaddu fuudhuutii malee, haadha hiyyeessaa, dubartii abbaan manaa lakkise yookiin dubartii sagaagaliisaan battootte hin fuudhin. \v 15 Ani Mootii Waan Maraa ka isa woyyoonsu waan te'eef, inni kolbaa ifii keessatti sanyii ifii hin batteessin jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 16 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 17 «Ati Aaroniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Dhalootaa haga dhalootaatitti sanyii teeti keessaa nami fafa qabu kennansa sagale'ee ana Waaqa ifiitiif dhikeessiisaaf hin dhufin. \v 18 Nami fafa qabu hin dhikaatin. Ballaan yookiin naafi, nami fuula farqu'uu, farri, \v 19 nami harka yookiin miila caba'aa, \v 20 nami xukkeeru yookiin nami qancaraan, nami fafa ilaa qabu yookiin nami dhukkuba goga'aa qabu yookiin nami midhattii tumameeru kennansa sagale'ee hin dhikeessin. \v 21 Sanyii Aaronii hayyichaa keessaa nami fafa qabu kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessin. Inni fafa waan qabuuf, sagalee ana Waaqa ifii dhikeessiisaaf hin dhufin. \v 22 Nami akkasii sagalee irra caalaa ana Waaqa isaatiif woyyuu teete keessaa tokko teete waan teeteef, sagalee woyyittii san nyaatuu hin dande'a. \v 23 Te'uu malee sababa fafa isaatiif, inni addee woyyittii tiyya akka hin batteessine, gara golla'aa hin dhikaatin yookiin gara addee ciinca'aa hin dhikaatin; ka isaan woyyoonsu ana Mootii Waan Maraa ti jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 24 Maarre Muuseen waan kana Aaronitti, ilmaan isaatii fi kolbaa israa'elii maratti hime. \c 22 \s1 Kennansi Dhikaatu Woyyuu Te'uu Isaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Ani Mootii Waan Maraa ti; Aaronii fi ilmaan isaa maqaa kiyya akka hin batteessine, kennansa woyyicha ka kolbaan Israa'elii naaf adda baasane, ulfinnaan akka eeganu itti himi. \v 3 Isaaniin, ‹Ani Mootii Waan Maraa ti: Dhalootaa haga dhalootaatitti, sanyii teeti keessaa nami tokko akka aadaa dhugeeffanna'aatitti adoo hin qulqulloomin, kennansa woyyicha kolbaan Israa'elii ana Mootii Waan Maraatiif adda baasanetti yoo dhikaate, nami sun fuula kiyya duraa bawuu ti. \p \v 4 « ‹Sanyii Aaronii keessa nami dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu yookiin nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u haga qulqulloomutti kennansa woyyicha san hin nyaatin. Nami waan reeffa tuqee battowe tuqe yookiin nami nafa hilaa isaa keessaa bisaan sanyii te'u dhangala'u, \v 5 yookiin bineensota gadha'aan lafa irra lowanu ka isa batteessu yoo tuqe yookiin nama isa batteessu yoo tuqe, battummaan isaa tamiiyyuu teetulle, \v 6 hayyichi waan akkasii kana tuqe haga galgalaatitti battii hin te'a; nafa ifii bisaaniin haga dhiqatutti sagalee woyyittii san hin nyaatin. \v 7 Yennaa aduun seentu inni qulqulluu hin te'a; achiin duuba sagalee isaa waan teeteef, sagalee woyyittii san nyaatuu ti. \v 8 Ani Mootii Waan Maraa ti; inni akka hin battoonneef, foon waan ifiin du'ee yookiin ka bineensi dhibiin qabee ijjeese hin nyaatin. \p \v 9 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ka isaan woyyoonsu; hayyooti ajaja kiyya tuffatanee yakkaameyyii akka hin teene, yookiin akka hin duune, ajaja kiyya eegatanuu ti. \p \v 10 « ‹Maatii hayyichaa malee, keessummaan hayyichaa yookiin hojjataan isaaf qaxaramee huju sagalee woyyittii tana hin nyaatin. \v 11 Garbichi hayyichi beesee ifiitiin bitate yookiin ka mana isaatitti dhalate ammoo sagalee qooda hayyichaa san nyaatuu ti. \v 12 Intalti hayyichaa takka nama sanyii hayyichaa hin te'in yoo heerumte, sagalee woyyittii tana hin nyaatin. \v 13 Garuu intalti hayyichaa ijoollee adoo hin deyin dhirsi isi'ii yoo isii lakkise yookiin yoo du'e, isiin akkuma yennaa ijoollummaa ifii gara mana abbaa ifii yoo deebite, sagalee qooda abbaa ifii san nyaatuu hin dandeetti. Te'uu malee nami maatii hayyichaa hin te'in, sagalee san hin nyaatin. \p \v 14 « ‹Nami maatii hayyichaa hin te'in tokko, adoo hin beekin sagalee woyyittii san yoo nyaate, gatii waan nyaatee san harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hayyichaaf deebisuu ti. \v 15 Hayyooti sagalee woyyittii ta kolbaan Israa'elii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessite san hin batteessin. \v 16 Ani Mootii Waan Maraa ka isaan woyyoonsu; nami sagalee woyyittii tana nyaatee yakkaa isa adabissiittu akka huju hin godhina'a jedha› jedhiin» jedhe. \s1 Kennansa Fudhatama Hin Qanne \p \v 17 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 18 «Ati Aaroniin, ilmaa isaatii fi kolbaa Israa'elii maraan, ‹Mootiin Waan Maraa: Nama Israa'elii yookiin nama ormaa ka Israa'el keessa le'u keessaa, nami tokko waadaa gale yookiin kennansa gubamu fedhii ifiitiin ana Mootii Waan Maraatiif yoo dhikeesse, \v 19 horiin inni dhikeesse sun fudhatama akka qabaatu korma loonii, korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee ka fafa hin qanne te'uu ti. \v 20 Horiin fafa qabu fudhatama waan hin qabaanneef, waan fafa qabu tokkolle hin dhikeessina'a. \v 21 Nami tokko waadaa gale muummessiisaaf yookiin kennansa fedhii ifii kenniisaaf, loon keessaa yookiin hoole'ee fi re'ee keessaa kennansa tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessu fudhatama akka qabaatuuf, ka fafa hin qannee fi komii hin qanne te'uu ti. \v 22 Horii ballaa yookiin cabaa yookiin horii fafa qabu yookiin ka robbii qabu yookiin horii madaan isaa malaa qabu yookiin dhukkuba goga'aa qabu ana Mootii Waan Maraatiif kennansa hin dhikeessina'a; horii akkasii addee ciinca'aa irratti kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessina'a. \v 23 Korma yookiin hoolee ka harki yookiin luki isaanii akka malee dheeratanu yookiin gabaabbatanu kennansa fedhii teessanii gootanee dhikeessuu hin dandeettan; kennansa waadaa galameef ammoo fudhatama hin qabu. \v 24 Horii midhattiin isaa kolaafame yookiin tumame yookiin baqaffame yookiin murame ana Mootii Waan Maraatiif kennansa hin dhikeessina'a. Lafa teessan keessatti horii akkasii kennansa hin dhikeessina'a. \p \v 25 « ‹Horii akkasii orma irraa fuutanee sagalee ana Waaqa keessanii gootanee hin dhikeessina'a. Horiin akkasii fafa yookiin komii waan qabuuf fudhatama hin qabu jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 26 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, \v 27 «Jabbiin, ilmooleen hoole'ee yookiin re'e'ee yoo dhalatane guyyaa torba haadha ifii bira turanuu ti; guyyaa saddeetesso'ootiin jalqabee kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamuuf fudhatama qaban. \v 28 Sa'a waatii isaa woliin yookiin hoolee ilmee isi'ii woliin guyyuma tokko hin qalina'a. \v 29 Kennansa galataa ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessitanu akka isiniif fudhatama qabaatu akkasitti dhikeessa'a. \v 30 Ani Mootii Waan Maraa ti; kennansa san guyyuma dhikaate san nyaadha'a malee, tokkolle boruuf hin hamburatina'a. \p \v 31 «Ani Mootii Waan Maraa ti; ajaja kiyya eegadha'a; muummessaalle'e. \v 32 Ani Mootii Waan Maraa ka isin woyyoonsu; Kolbaa Israa'elii maratti ani woyyicha akka te'e beekkamuu qaba. Maqaa kiyya woyyicha hin batteessina'a. \v 33 Ani Mootii Waan Maraa ti; Waaqa isiniif te'iisaaf biyya Gibxi'ii keessaa ka isin baase ana» jedhe. \c 23 \s1 Jila Akka Itti Jilifatanu \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: jilti ana Mootii Waan Maraatiif filante, ta yaa'ii woyyittii isin itti lassitanu ta asii gad jirtu; \p \v 3 « ‹Guyyooti jaa ka isin hujii hujjanu; guyyaan torbeesso'oo ammoo Sanbata fooraa, guyyaa yaa'ii ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome; guyyaa sanbataa ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome waan te'eef, addee leetanu maratti hujii hin hujina'a› jedha» jedhiin. \s1 Jila Irra Dabaramaatii fi Jila Daabboo Uukoo Hin Qannee \p \v 4 Itti dabalee, «Yennaan jilaa ta ana Mootiin Waan Maraatiif filante, ta yaa'ii woyyittii isin itti lassitanu: \v 5 Jilti irra dabaramaa, ta Mootii Waan Maraa, ji'a tokkeesso'oo guyyaa kudhanii afurfeesso'ootitti galgala dimimmisa jilifanti. \v 6 Jilti irra dabaramaa ta Mootii Waan Maraa ta daabboo uukoo hin qannee guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti jalqabanti. Guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a. \v 7 Guyyoota kana keessaa guyyaa tokkeesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a; ijjumaa hujii hin hujina'a. \v 8 Guyyaa torba kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a; guyyaa torbeesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a malee, ijjumaa hujii hin hujina'a» jedhe. \p \v 9 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 10 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa ani isiniif kennu sanitti galtanee midhaan yennaa galfattanu laddee matoomaa hayyichaaf kenna'a. \v 11 Laddeen sun akka isiniif fudhatama qabaattu, hayyichi ana Mootii Waan Maraa duratti tachoosee kennansa tachoofamu dhikeessuu ti. Hayyichi laddee san guyyaa Sanbatatti aanu dhikeessuu ti. \v 12 Guyyaa laddee san kennansa tachoofamu dhikeessitanu, buruusoo korbeessa hoole'ee ka fafa hin qannee fi ka woggaa tokkoo kennansa gubamu, ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. \v 13 Bullaa dansaalle kiiloogiraama lama ta zayitii ejersaa gara litirii tokkootiin sukkuumante ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittu, daadhii woyni'iille litirii tokko woliin dhikeessa'a. \v 14 Kennansa kana ana Waaqa keessaniif haga dhikeessitanutti, shawwee midhaan kanaa, akum'ee yookiin daabboo isaa hujjanee hin nyaatina'a. Seerri kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti. \s1 Jila Yennaa Midhaan Galfatnuu \p \v 15 « ‹Guyyaa Sanbatatti aanu, guyyaa laddee matoomaa kennansa tachoofamu dhikeessitaneen jalqaba'aatii torbaan yennaa torba laakkowa'a! \v 16 Sanbata torbeesso'ootiin duuba guyyaa shantameesso'oo ammalle midhaan barano'oo irraa ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessa'a! \v 17 Addee leetanu mara keessaa daabboo xaltaa lama lama ta bullaa dansaa kiiloogiraama lama irraa hujante ta uukoo qaddu, midhaan qara bilchaate irraa kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. \v 18 Kennansa daabbo'oo kana woliin buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba ta woggaa tokko tokkoo ta fafa hin qanne, dardara tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee lama kennansa gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a! Kun kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii woliin kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisuu te'anee dhikeeffamanuu ti. \v 19 Achiin duuba korbeessa re'e'ee tokko ciincaa araara cubbu'uutiif, buruusoo korbeeyyii hoole'ee lama ta woggaa tokko tokkoo kennansa tokkumma'aatiif dhikeessa'a. \v 20 Hayyichi daabboo midhaan qara bilchaatee san buruusoo korbeeyyii hoole'ee lamaan san woliin kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti; isaan kun kennansa Mootii Waan Maraatiif woyyoome qooda hayyichaa ti. \v 21 Guyyaa san wol geyii woyyittii lassa'a malee hujii ijjumaa hin hujina'a! Kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf, seerata haga bara baraa te'uu ti. \p \v 22 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; midhaan lafa teessanii yennaa galfattanu haga fichaa qarqaraatitti hin haammatina'a; woxoo midhaan galfattanu sanii hiyyeessaa fi alaga'aaf lakkisa'a› jedha» jedhiin. \s1 Jila Yaadanno'oo \p \v 23 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 24 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ji'a torbeesso'oo guyyaan jalqabaa guyyaa fooraa ti. Guyyaa yaadanno'oo lassiisaaf tultullaa afuufa'a; isin yaa'ii woyyittii qabaatuu qaddan. \v 25 Guyyaa san kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a› jedha» jedhiin. \s1 Guyyaa Gumaa Cubbu'uu \p \v 26 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, \v 27 «Ji'a torbeesso'oo kanatti guyyaan kudhaneesso'oo, guyyaa gumaan cubbu'uu tolfamu te'uu ti. Guyyaa kana ifi gad qaba'a; yaa'ii woyyittii godhadha'a; kennansa ibiddaan gubamulle Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. \v 28 Guyyaa gumaa cubbu'uu ka ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti, gumaan cubbu'uu isiniif tolfamu waan te'eef, ijjumaa hujii hin hujina'a. \v 29 Nami guyyaa san gad ifi hin qanne kolbaa ifii keessaa bayuu ti. \v 30 Nama guyyaa san hujii huju mara ani kolbaa isaa keessaa hin balleessa. \v 31 Tanaaf guyyaa san ijjumaa hujii hin hujina'a; kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti. \v 32 Kun guyyaa Sanbataa ka itti foorfattanu isiniif te'uu ti; gad ifi qaba'aatii, ji'a san keessa galgala guyyaa sagaleesso'ootii jalqaba'aa, haga galgala guyyaa itti aanuutitti Sanbata ulfeessa'a» jedhe. \s1 Jila Gose'ee \p \v 33 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 34 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Maraa: Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti jilti gose'ee ana Mootii Waan Maraatiif jalqabantee, haga guyyaa torbaa turtuu ti. \v 35 Guyyaan jalqabaa guyyaa yaa'ii woyyitti'ii ti; hujii ijjumaa hin hujina'a. \v 36 Guyyaa torbaanuu kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. Guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'aatii kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a; guyyaan sun guyyaa yaa'ii muummessitanu waan te'eef ijjumaa hujii hin hujina'a. \p \v 37 « ‹Guyyooti jilaa ka ana Mootii Waan Maraatiif filamane, ka isin kennansa gubamu, kennansa midhaanii, ciinca'aa fi kennansa daadhii woyni'ii guyyaa isaaniif murteeffametti ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan dhikeessiisaaf, yaa'ii woyyittii itti lassitanu isaan kana. \v 38 Kennansi asii olii kun marti guyyaa Sanbata kiyyaa, guyyoota kennansa keessan ka adda addaa, kennansa waadaa galtanee fi kennansa fedhii teessanii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitanu irratti ka dabalamee dhikaatu. \p \v 39 « ‹Ji'a torbeesso'oo, guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, Midhaan keessan fichaa irraa galfattaneen duuba, guyyaa torba ana Mootii Waan Maraatiif jila tana jilifadha'a. Guyyaan jalqabaa guyyaa fooraa te'uu ti; guyyaan saddeetesso'oolle guyyaa fooraa te'uu ti. \v 40 Guyyaa jalqabaa sanitti, midhaan dadansaa, baala meexxi'ii, damee baala qadduu fi muka laga qarqaratti latu\f + \fr 23:40 \fr*\fqa Muka laga qarqaratti latu: \fqa*\ft Muki kun Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Aravaa \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* qabadha'aatii guyyaa torba ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti firinxiixa'a. \v 41 Jila tana wogguma wogga'atti ji'a torbeesso'oo keessa guyyaa torba ana Mootii Waan Maraatiif jila jilifadha'a; kun dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti. \v 42 Guyyaa torba gosee keessa tee'a'a; nami dhalootaan Israa'el te'e marti gosee keessa turuu ti. \v 43 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ani kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baase gosee keessa akka le'anu akka isaan tolche dhalooti keessan tanaan beekan jedha› jedhiin» jedhe. \v 44 Maarre Muuseen akka kanaan guyyoota jila Mootii Waan Maraatiif filamane kolbaa Israa'eliititti beessise. \c 24 \s1 Issaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Ifi yennaa mara akka ifu, Israa'elooti zayitii qulluu muka ejersaa irraa cunfantee dhimbiibante akka sii fiddu ajaji! \v 3 Aaron Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti, gollaa dhugaa bayaatiin alatti, galgalaa haga ganamaatitti, ifa yennaa mara ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti; kun dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti. \v 4 Aaron waan issaa irra keyanu ta worqii qulluu irraa hujante san irratti, ifi sun akka hin dhaanne ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti. \s1 Daabboo Waaqaaf Dhikaattu \p \v 5 «Bullaa dansaa fuudhiitii xaltaa daabbo'oo kudhanii lama, tokko tokkoon isaa kiiloogiraama lama lama ka te'e bilcheessi. \v 6 Xaltaa daabbo'oo san xarapheessaa worqii qulluu irraa hujame irratti tarree lamaan, jaan jaaniin fuula kiyya dura wol irra naqi. \v 7 Xaltaa daabbo'oo san woliin qooda yaadannoo kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu akka te'u, hixaana qulluu tarree lamaan san irra kaayi. \v 8 Aaron bakka kolbaa Israa'elii bu'ee daabboo tana, Sanbata mara ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti. Tun Gondooroo bara baraa teetuu ti. \v 9 Daabboon tun qooda Aaroniitii fi qooda ilmaan isaa ti; kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa qooda isaanii ka irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, addee woyyitti'itti nyaatanuu ti. Kun seerata haga bara baraa ti» jedhe. \s1 Yakka'aa Fi Adabbii \p \v 10 Nami haati isaa dubartii Israa'elii teete, ka abbaan isaa nama Gibxi'ii te'e tokko odduu Israa'elootaatitti gad bayee, Israa'elicha tokko woliin wol lolane. \v 11 Ilmi dubartii Israa'elii sun maqaa Waaqaa abaaree waan faanshesseef, gara Muuse'ee isa fidane; haati isaa intala Dibrii nama gosa Daanii ti; maqaan isi'ii «Shelomiit» jedhama. \v 12 Fedhi Mootii Waan Maraa haga isaanitti mudhatutti, isaan mana hidha'aatitti isa galchane. \p \v 13 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 14 «Nama maqaa Waaqaa abaaree faanshesse san addee quttumaatiin alatti baasi. Worri faanshessiisa isaa dhage'e marti akka inni yakkaa huje dhugaa bayiisaaf harka ifii mataa isaa irra keyanuu ti; achiin duuba wolde'i marti dhaka'aan isa tumanuu ti. \v 15 Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami maqaa Waaqa ifii abaaru marti cubbuu waan hujeef, itti hin gaafatama. \v 16 Nami maqaa Mootii Waan Maraa faanshessu ijjeefamuu ti! Kolbaan wolde'i marti dhaka'aan isa tumanuu ti; alagaalle te'u yookiin dhalataa biyyaalle te'u nami maqaa Waaqaa faanshessu ijjeefamuu ti. \p \v 17 « ‹Nami nama yoo ijjeese ijjeefamuu ti. \v 18 Nami horii namaa ijjeese abbaa saniif horuma gosa sanii bakka buusuu ti. \v 19 Nami tokko nama yoo miidhe, wonni inni nama irratti godhe sun isa irralle'etti godhamuu ti. \v 20 Yoo inni lafee namaa casse, lafeen isaalle cadduu ti; yoo inni ila namaa balleesse, ilti isaalle badduu ti; yoo inni ilkaan nama casse, ilkaan isaalle cabuu ti. Akkuma nama dhibii miidhe, innille miidhamuu ti. \v 21 Nami horii ijjeese, horii ijjeese san bakka buusuu ti; nami nama ijjeese ammoo ijjeefamuu ti. \v 22 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama alaga'aa fi nama dhalataa biyyaa te'eefille seeruma tokko qabaadha'a› jedhi» jedhe. \p \v 23 Achiin duuba Muuseen waan kana mara kolbaa Israa'eliititti hime; isaan namicha san addee quttumaatiin alatti baasanee dhaka'aan tumanee ijjeesane. Akka kanaan kolbaan Israa'elii waan Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje mara goote. \c 25 \s1 Woggaa Torbeesso'oo Ta Fooraa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti Muuse'een, \v 2 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa ani isiniif kennu sanitti yennaa galtanu, foora sanbataa ka woggaa torbeesso'oo mara lafa qotiisa lakkisiisaan ana Mootii Waan Maraa ulfeessa'a. \v 3 Woggaa jaa fichaa keessanitti facaafadha'aa, muka woyni'ii keessanille quxadha'aatii, midhaan keessan galfadha'a. \v 4 Woggaan torbeesso'oo ammoo foora sanbataa ka woggaa torbaa ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome; fichaa keessanitti hin facaafatina'a; muka woyni'ii keessanille hin quxina'a. \v 5 Midhaan haaga'ee hin haammatina'a. Muka woyni'ii ka hin quxamin irraa midhaan hin guuratina'a. Lattille woggaa fooraa qabaattuu ti. \v 6 Foora sanbataa ka woggaa torbaa keessa wonni latti baachu marti si'iif, garboota teeti ta dhiiraatii fi ta dubarti'iitiif, hojjataa qaxaramee hujuu fi alagaa yenna'aaf isin woliin le'uuf sagalee te'uu ti. \v 7 Horii keetii fi bineensa biyya teeti keessa jiranu maraafille sagalee te'uu ti. \s1 Jila Woggaa Shantameesso'oo \p \v 8 « ‹Woggaa fooraa torba yennaa torba laakkow; wolumatti woggaa afurtamii sagal hin te'an. \v 9 Achiin duuba ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhaneesso'oo, guyyaa gumaa cubbu'uu, biyya teessan addee maratti tultullaan afuufamuu ti. \v 10 Woggaa shantameesso'oo woyyoonsa'a; namoota biyya teessan keessa jiru maraaf bilisummaa lassa'a. Woggaan tun jila woggaa shantameesso'oo\f + \fr 25:10 \fr*\fqa Jila woggaa shantameesso'oo: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa yobeel \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* isiniif teetuu ti. Woggaa tanatti tokko tokkoon keessan gara qabeenna maatii teessaniitii fi gara fira keessanii deebi'a'a. \v 11 Woggaan shantameesso'oo tun jila woggaa shantameesso'oo isiniif teetuu ti; ficha'atti hin facaafatina'a; midhaan ifiin late yookiin woynii hin quxamin irraa midhaan hin guuratina'a. \v 12 Woggaan shantameesso'oo jila woggaa shantameesso'oo waan teeteef, ta woyyoonte isiniif teetuu ti; waan fichaa keessatti ifiin late callaa nyaadha'a. \p \v 13 « ‹Woggaa shantameesso'oo tana keessa nami martinuu gara qabeenna ifii deebi'uu ti. \v 14 Isin lafa yoo wolitti gurgurtane yookiin yoo wol irraa bitattane wol hin dagina'a. \v 15 Isin akka bacinna laakkossa woggoota jila woggaa shantameesso'ootiif hatteetitti shallaga'aatii nama biyya teessanii irraa bitadha'a. Innille akka laakkossa woggoota midhaan irraa galfatiisa dande'anuutitti shallagee gurguruu ti. \v 16 Wonni inni isinitti gurguru laakkossa woggaa isin midhaan irraa galfattanuun waan te'eef, yoo woggaan hedduu teete, gatii itti dabala'a; yoo woggaan diqqoo teete gatii irraa cassa'a. \v 17 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waan te'eef, ana Waaqa keessan sodaadha'a malee, wol hin dagina'a. \p \v 18 « ‹Lafa irra nageyaan akka leetanu, seerata kiyya eegadha'a; seera kiyyaaf ajajamiisaafille ifi eegadha'a. \v 19 Achiin duuba latti midhaan hin kenniti; isinille nyaattanee quuttanee, nageyaan hin leetan. \p \v 20 « ‹Isin: yoo hin facaafatin yookiin midhaan yoo hin galfatin woggaa torbeesso'oo keessa maan nyaanna jettanee gaafattan fa'a te'a. \v 21 Woggaa jayeesso'ootitti latti midhaan woggaa sadiif gewu akka isiniif kennitu ani eebba kiyya isiniif hin erga. \v 22 Woggaa saddeetesso'ootitti midhaan yennaa facaafattanu, midhaan galisoo san nyaattan; haga midhaan woggaa sagaleesso'oo galfattanulle'etti midhaanuma san nyaatan. \s1 Seera Lafa Wodiisaa \p \v 23 « ‹Latti tiyya waan teeteef, isin ammoo alagaa yenna'aaf lafa tiyya irra jirtanu waan teetaneef, latti gurgurantee achumaan hin hafin. \p \v 24 « ‹Lafa ifiif qabattane mara keessatti mirgi lafa deebisanee wodatanu jiraatuu ti. \v 25 Isin worra Israa'elii keessaa nami tokko hiyyoommatee, lafa ifii yoo gurgure, nami fira aantii isaa deebisee isaaf wodatuu ti. \v 26 Nami sun fira aanti'ii ka lafa san isaaf wodu yoo hin qabaatin, inninuu deebisee wodatiisaaf karra yoo dhaggate ammoo, \v 27 lafa san haga itti gurgureen jalqabee, woggoota dabarane laakkowee, waan irraa hafe namichaaf deebisuu ti. \v 28 Deebisee wodatiisaaf harki isaa yoo hanqate ammoo, haga jila woggaa shantameesso'ootitti, latti sun abbuma bitate san harka turtuu ti; woggaa shantameesso'ootitti abbaa qara gurgureef deebituu ti; namichi keessaa bayee gara lafa ifii deebi'uu ti. \p \v 29 « ‹Nami tokko qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabu keessa jiru keessatti mana ifii yoo gurgure, gurgureen duuba woggaa tokko keessatti wodatiisaaf mirga qaba. \v 30 Manni sun woggaa tokko keessatti yoo hin wodamin, manni qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabu san keessaa sun, namicha bitatee fi sanyii isaatiif te'uu ti; manni sun woggaa shantameesso'ootitti hin wodamin. \v 31 Manooti ollaa dalleya dhaka'aa hin qanne keessa jiranu ammoo akka mana diida keessa jiruutitti laakkowamanee, wodamanee, woggaa shantameesso'oo keessa deebifamanuu ti. \v 32 Te'uu malee, worri Lewwootaa manoota qachaa isaanii keessa jiranu yennaa mara wodatiisaaf mirga qaban. \v 33 Manooti qachoota Lewwootaa keessa jiranu, odduu Israa'elootaatitti qabeenna Lewwootaa waan te'aneef, worri Lewwootaa mana qachoota ifii keessaa gurguranee yoo wodatiisa dhabane, woggaa shantameesso'ootitti manni sun Lewwootaaf deebi'uu ti. \v 34 Addeen horii itti bobbaafatanu ta adaala qachaa isaanii jirtu ammoo qabeenna isaanii ka bara baraa waan teeteef, hin gurguramin. \s1 Liqaa Hiyyeessaaf Kennuu \p \v 35 « ‹Isin keessaa nami tokko hiyyoommatee ifi qarqaariisa yoo dadhabe, akka inni odduu teessan le'iisa dande'u, akkuma nama alaga'aatii fi nama yenna'aaf odduu teessan jiru qarqaartanu isa qarqaara'a. \v 36 Isin ammoo ana Mootii Waan Maraa keessan sodaadha'a; akka inni odduu teessan le'uuf, waan tokkolle dhalaan isa irraa hin fudhatina'a. \v 37 Beesee teeti dhalaan isaaf hin liqeessin; sagalee isatti gurgurtu irraa bu'aa hin barbaadin. \v 38 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, ka lafa kana'aanii isiniif kenniisaaf, Waaqa keessanille isiniif te'iisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa isin baase. \s1 Garboolee Woduu \p \v 39 « ‹Isin keessaa nami tokko hiyyoommatee isinitti ifi yoo gurgure, akka garbaatitti isa hin hujisiisin. \v 40 Isin biratti inni akka nama qaxaramee hujuu yookiin akka nama yenna'aaf odduu teessan jiruutitti laakkowamuu ti; inni haga woggaa shantameesso'ootitti isinii hujuu ti. \v 41 Achiin duuba innii fi ijoolleen isaa bilisa bayanee fira ifii, gara qabeenna abbootii ifii ta duriititti deebi'uu ti. \v 42 Israa'elooti tajaajiltoota tiyya ta ani biyya Gibxi'ii keessaa baase waan te'aneef, akka garbaa hin gurguramin. \v 43 Isin ana Waaqa keessan sodaadha'a malee, gadhi-jabeennaan isaan hin bulchina'a. \v 44 Garboota teessan ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii gosa biyya adda addaa ta adaala keessan jiranu keessaa bitatuu hin dandeettan. \v 45 Akkasuma worra yenna'aaf odduu teessan le'uu fi worra fira isaanii ka biyya teessan keessatti dhalate bitatiisa hin dandeettan; isaan qabeenna keessan hin te'an. \v 46 Akka qabeenna keessanii ijoolleen teessan isaan dhaaltuu ti; bara jiruu isaanii mara garboota isaan godhatuu dandeettan. Te'uu malee Israa'eloota obboleeyyan teessan gadhi-jabeennaan hin bulchina'a. \p \v 47 « ‹Nami alagaan yookiin nami yenna'aaf odduu teessan le'u tokko yoo duroome, nami biyya teessanii tokko hiyyoommatee nama alaga'aa ka odduu teessan le'utti yookiin nama fira alaga'aa sanitti yoo ifi gurgure, \v 48 inni ifi gurgureen duuba mirga wodamiisaa hin qaba. Nami obboleessa isaa, \v 49 wosiilli isaa yookiin ilmi wosiila isaa yookiin sanyii worra isaa keessaa nami tokko isa wodiisa hin dande'a yookiin inninuu yoo karra dhaggate ifi wodatiisa hin dande'a. \v 50 Inni woggaa ifi itti gurgureen jalqabee haga woggaa shantameesso'ootitti nama isa bitate san woliin yennaa isaa laakkowanuu ti; gatiin inni ittiin lakkifamu akka laakkossa woggoota saniititti, akka nama qaxaramee huju tokkoof kaffalamutti shallagama. \v 51 Woggaan hedduun hattee yoo jiraatte, gatii inni ittiin ifi gurgure keessaa, gatiin laakkossa woggaa hatte sanii shallagantee, gatii wodoo ifii isaaf kaffaluu ti. \v 52 Haga jila woggaa shantameesso'ootitti woggaan diqqoon callaan yoo hattee jiraatte, haga woggaa hatte saniititti gatii isaaf kaffaluu ti. \v 53 Inni akka nama wogga'aa gara wogga'aatitti qaxaramee le'uu ti; namichi isa bitate sun isin duratti gadhi-jabeennaan isa hin bulchin. \v 54 Akka kanaan yoo wodamiisa dhabe, innii fi ijoolleen isaa jila woggaa shantameesso'ootitti gad lakkifamanuu ti. \v 55 Isin kolbaan Israa'elii tajaajiltoota tiyya; isin tajaajiltoota tiyya ta ani biyya Gibxi'ii keessaa baase; ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan› jedhiin» jedhe. \c 26 \s1 Eebba Ajajamiisaan Dhaggamu \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa keessan; isin waaqota dharaa hin hujatina'a yookiin fakkii yookiin soodduu woyyittii hin dhaabbatina'a; dhakaa qiriixamelle itti sagadiisaaf biyya teessan keessatti hin dhaabina'a! \v 2 Ani Mootii Waan Maraa ti! Guyyaa Sanbataa kiyya eegadha'a; addee woyyittii tiyyaafille ulfinna kenna'a. \p \v 3 «Isin seerata kiyya yoo eegattane, ajaja kiyyaafille akka dansaa yoo ajajantane, \v 4 Bokkeya yennaa isaatitti isiniif hin kenna; latti midhaan hin baachi; mukille midhaan hin buusa. \v 5 Midhaan adoo dhowattanuu yennaan unkuruura woyni'ii murattanu hin geetti; unkuruura woyni'iille adoo murattanuu yennaan midhaan facaafattanu hin geetti; sagalee barbaaddane maralle hin nyaattan; lafa teessan keessalle nageyaan hin leetan. \p \v 6 «Lafaaf nageya hin kenna; isin hin foorfattan; nami isin sodaachisu tokkolle hin jiraatu. Ani bineensa hamaa lafa irraa hin balleessa; diinni keessan haganaa achi isin hin lolu. \v 7 Isin diinota keessan hin ariitan; isaanille shallaagaa keessaniin isin duratti hin dhumatan. \v 8 Isin nami shan isaan nama dhibba hin ariitan; isin nami dhibbi isaan nama kuma kudhan hin ariitan; diinoti keessanille shallaagaa keessaniin isin duratti hin dhumatan. \v 9 Ani gara keessan hin ilaala; akka isin hortanu godhee, isin hin baceessa. Gondooroo isin woliin godhadhe hin eegadha. \v 10 Isin midhaan bara dabaree adoo nyaattanuu, midhaan bara haareyaatiif addee dhaggatiisaaf, midhaan bara dabaree san hin haxoottan. \v 11 Ani addee leetoo tiyyaa odduu teessanitti hin godhadha; isin hin jibbulle'e. \v 12 Ani yennaa mara odduu teessan le'ee, Waaqa isiniif hin te'a; isinille kolbaa tiyya hin teetan. \v 13 Akka isin haganaa achi worra Gibxi'iitiif garba hin teene, biyya Gibxi'ii keessaa ka isin baase, ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ani waanjoo garbumma'aa isin irraa cassee, ol jettanee akka deentanu isin godheera. \s1 Adabbii Ajajamiisa Dhabaa \p \v 14 «Isin naaf ajajamiisa dhaddanee, ajaja kiyya mara yoo hin eegatin, \v 15 seerata kiyyalle tuffattanee, seera kiyya yoo jibbitane, akka ajaja kiyyaatitti hujuu dhaddanee, gondooroo tiyya yoo diiddane, \v 16 ani waan asii gad jiru isinitti hin fida: bararaqa dedhaa\f + \fr 26:16 \fr*\fqa Dedha: \fqa*\ft Yookiin tasa.\ft*\f*, dhukkuba balleessu, o'a ila isin balleessee jiruu gossu isinitti fida; isin sanyii hin facaafatan, garuu diinota keessanitti nyaata. \v 17 Akka diinni keessan isin injifatu, ani diina isinitti hin te'a; worri isin jibbu isin hin bulcha; adoo nami isin hin ari'in hin baqattan. \p \v 18 «Tana maraan duuba isin ammalle naaf yoo hin ajajamin, ani sababa cubbuu teessaniitiif dachaa torba isin hin adaba. \v 19 Ani hunna teessan ta isin ittiin koortanu hin cassa; bokkeenni akka hin roonne, gubbaa akka sibiilaa, lafa akka sageettu'uu hin godha. \v 20 Latti teessan midhaan waan hin baanneef, muki keessanille midhaan waan hin buunneef, hunni teessan toluma dhumatti. \p \v 21 «Isin na mormitanee, na dhage'iisa yoo diddane, ani akka cubbuu teessaniititti dachaa torba rakkinna isinitti fida. \v 22 Ani bineensota ijoollee teessan isin duraa fudhatu, ka horii keessan balleessu, ka laakkossa keessanille diqqeessee, nami karaa irra deemu akka dhabamu godhu isinitti hin erga. \p \v 23 «Waan kanalle'een gara kiyya deebi'uu diddanee, anaan yoo mormitane, \v 24 ani isin mormee sababa cubbuu teessaniitiif dachaa torba rakkinna isinitti hin fida. \v 25 Gondooroo tiyya waan diiddaneef, haluu bayiisaaf, shallaagaa isinitti hin fida. Yennaa isin qachaa keessatti wolitti qabantanu, ani balaa odduu teessanitti hin erga; harka diinaatitti dabarfantanee hin kennantan. \v 26 Yennaa ani sagalee isin dhooggu, dubartiin kudhan eelee takka'atti daabboo isiniif bilcheessitee, madaaltee isinii hin dhikeessiti; isin hin nyaattan, ammoo hin quuttanu. \p \v 27 «Waan kanalle'een gara kiyya deebi'uu diddanee, anaan yoo mormitane, \v 28 achiin duuba aarii tiyyaan isin mormee, sababa cubbuu teessaniitiif, dachaa torba isin hin adaba. \v 29 Isin foon ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin nyaattan. \v 30 Addee waaqonfanna'aa teessan hin balleessa; addee ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu hin diiga; reeffa keessan waaqota dharaa keessan ka lubbuu hin qanne san irratti hin tuula; isinille hin diqadha. \v 31 Qachoota keessan hin diiga; addee woyyittii teessanille hin onsa; ciincaa keessan ka foolee dansaa qabu sanille hin fudhadhu. \v 32 Diinoti keessan ka lafa teessan keessa le'anu, dhagganee akka rifatanu lafa teessan hin onsa. \v 33 Gosa biyya adda addaa keessa isin bittinneessee, shallaagaa buqqifadhee isin hin ari'a; latti teessan duwwaa teetee, qachooti keessanille hin ona. \v 34 Achiin duuba latti woggoota onte san mara, yennaa isin biyya diinota keessanii keessa jirtanu foora sanbataa ka woggoota torbaa ka ifii sanitti hin gammaddi; achiin duuba latti foorfattee, Sanbata ifiititti hin gammaddi. \v 35 Latti woggoota Sanbataa ta yennaa isin keessa leetane san foora hin qanne, yennaa ontee teettu san mara hin qabaatti. \p \v 36 «Isin keessaa worra lubbu'uun hafe, lafa diinota isaanii keessa jiranuun sodaa hantuu isaanitti hin erga. Shokokkeessi baala qilleensi tachoosuu isaan hin bararassa; nami isaan ari'u adoo hin jiraatin akka nama shallaagaa dheetuu hin baqatan; hin jiganille'e. \v 37 Nami isaan ari'u adoo hin jiraatin, akka nama shallaagaa dheetuu adoo baqatanuu wol gufatan. Maarre isin diinota keessan dura dhaabbatiisa hin dandeettanu. \v 38 Isin gosa biyya adda addaa oddu'utti hin dhumattan; latti diinota keessanii isin hin liqinsiti. \v 39 Isin keessaa worri lubbu'uun hafe, sababa cubbuu ifiitii fi sababa cubbuu abbootii ifiitiif lafa diinota ifii keessatti hin yaayyan. \p \v 40 «Te'uu malee isaan cubbuu ifiitii fi cubbuu abbootii ifii ta isaan maltumma'aan na mormatane yoo faaci'atane, \v 41 cubbuu akka ani diina isaanitti te'uu fi gara lafa diina isaaniititti akka ani isaan ari'u goote san yoo faaci'atane, gadhaan isaanii ka jabaate sun laafee, adabbii cubbuu ifii yoo fudhatane, \v 42 ani gondooroo tiyya ta Yaaqoob, Yisihaqii fi Abrahaamii woliin godhe san hin qaabadha. Lafa sanille hin qaabadha. \v 43 Isaan lakkisanee waan deemaneef, latti ontee, addee isaan hin jirretti woggoota Sanbata ifiititti hin gammaddi; isaan seera kiyya tuffatanee, seerata kiyya waan jibbaneef adabbii cubbuu ifii hin fudhatan. \v 44 Te'uu malee, waan kanalle'een, ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te'eef, gondooroo isaan woliin godhe hin diigu; yennaa isaan lafa diina ifii keessa jiranu ijjumaa isaan balleessiisaaf, isaan hin gatu yookiin hin diqadhu. \v 45 Ani ammoo gondooroo tiyya ta abbootii isaanii, gosi biyya adda addaa adoo dhaggituu, Waaqa isaaniif te'iisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa yennaa isaan baase isaan woliin godhe san, isaaniif jedhee hin qaabadha. Ani Mootii Waan Maraa ti!» jedhe. \v 46 Kun Seerata, seeraa fi ajaja Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti ifii fi kolbaa Israa'elii wodhakka'atti karaa Muuse'eetiin dhaabe. \c 27 \s1 Kennansa Waaqaaf Dhikaate Woduu \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko nama ana Mootii Waan Maraatiif adda baasee kenniisaaf waadaa yoo gale, akka nami sun itti shallagametti, gatiin inni kaffalu, \v 3 akka madaallii addee woyyitti'iititti dhiira woggaa diddamaa haga woggaa jaatamaatiif meetii giraama dhibba shanii fi torbaatama\f + \fr 27:3 \fr*\fqa Meetii dhibba shanii fi torbaatama: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa sheeqelii shantama\fqa*\ft jedha.\ft*\f*, \v 4 dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba sadii fi afurtama\f + \fr 27:4 \fr*\fqa Meetii giraama dhibba sadii fi afurtam: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin sheeqelii soddoma jedha.\ft*\f*, \v 5 dhiira woggaa shanii haga woggaa diddamaatiif meetii giraama dhibba lamaa fi soddoma\f + \fr 27:5 \fr*\fqa Meetii giraama dhibba lamaaf soddoma: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa sheeqelii diddama\fqa*\ft jedha.\ft*\f*, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shan\f + \fr 27:5 \fr*\fqa Meetii giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shan: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin sheeqelii kudhan jedha.\ft*\f*, \v 6 dhiira ji'a tokkoo haga woggaa shaniitiif meetii giraama shantamii torba\f + \fr 27:6 \fr*\fqa Meetii giraama shantamii torba: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Sheeqelii shan\fqa*\ft jedha.\ft*\f*, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama soddomii afur\f + \fr 27:6 \fr*\fqa Meetii giraama soddomii afur: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin sheeqelii sad jedha.\ft*\f* \v 7 dhiira woggaa jaatamaa oliitiif meetii giraama dhibba tokkoo fi torbaatamii tokko\f + \fr 27:7 \fr*\fqa Meetii giraama dhibba tokkoo fi torbaatamii tokko: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa sheeqelii kudhanii shan \fqa*\ft jedha.\ft*\f*, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shan\f + \fr 27:7 \fr*\fqa Meetii giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shan: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa sheeqelii kudhan \fqa*\ft jedha.\ft*\f* kaffaluu ti. \p \v 8 « ‹Nami waadaa gale sun hiyyeessa te'ee shallaggii san kaffaluu yoo dadhabe, nama kenniisaaf waadaa gale san fuula hayyichaa dura dhikeessuu ti; hayyichille gatii inni kaffaliisaaf dande'utti shallaguu ti. \p \v 9 « ‹Wonni inni kenniisaaf waadaa gale sun horii kennansa ana Mootii Waan Maraatiif fudhatama qabu yoo te'e, horiin akkasii ka ana Mootii Waan Maraatiif kenname woyyuu hin te'a. \v 10 Nami sun kennansa dhikaate san dansaa hama'aan yookiin hamaa dansa'aan hin jijjiirin yookiin bakka hin buusin; horii tokko horii dhibi'iin bakka yoo buuse, horiin sun lamaanuu ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomanuu ti. \v 11 Wonni inni ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa gale sun horii akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ka qulqulluu hin te'in, ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf ka fudhatama hin qanne yoo te'e, horiin sun hayyicha dura dhikaatuu ti. \v 12 Hayyichi horii san dansaa yookiin badaa te'uu isaa ilaalee shallaguu ti. Achiin duuba shallaggiin sun akkuma hayyichi shallagetti hin teeti. \v 13 Abbichi horii san wodatiisa yoo barbaade, shallaggii sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti. \p \v 14 « ‹Nami tokko mana ifii ana Mootii Waan Maraatiif woyyuu akka te'u yoo adda baase, hayyichi manni sun dansaa yookiin badaa te'uu isaa ilaalee shallaguu ti. Achiin duuba shallaggiin sun akkuma hayyichi shallagetti hin teeti \v 15 Abbichi mana ifii adda baase sun mana san wodatiisa yoo barbaade, shallaggii sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti. Manni sun deebi'ee ka isaa hin te'a. \p \v 16 « ‹Nami tokko lafa maatii ifii irraa dhaale irraa fichaa kutee ana Mootii Waan Maraatiif adda baasee kennansa yoo dhikeesse, latti sun haga sanyii itti facaafantuutiin shallagantuu ti; sanyiin itti facaafantu garbuu kiiloogiraama dhibba tokko, latti sun meetii giraama dhibba shanii fi torbaatamatti\f + \fr 27:16 \fr*\fqa Meetii giraama dhibba shanii fi torbaatama: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Sheeqelii shantama \fqa*\ft jedha.\ft*\f* hin shallaganti. \v 17 Nami sun fichaa ifii san yennaa jila woggaa shantameesso'ootitti adda baasee yoo kenne, shallaggiin sun akkuma hayyichi murteesse sanitti te'a. \v 18 Inni fichaa ifii san woggaa shantameesso'ootiin duuba yoo kennee jiraate ammoo, hayyichi akka laakkossa woggoota haga jila woggaa shantameesso'oo ta itti aantuutitti woggoota hafaneeranu ilaalee, shallaggii fichaa sanii irraa dhidhisuu ti. \v 19 Abbichi fichaa ifii kenne sun deebisee wodatiisa yoo barbaade, gatii fichaan itti shallagamee sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti; fichaan sun ka isaa hin te'a. \v 20 Te'uu malee fichaa san yoo hin wodatin yookiin nama dhibi'itti yoo gurgure deebi'ee fichaa san wodatiisa hin dande'u. \v 21 Fichaan sun woggaa shantameesso'ootitti\f + \fr 27:21 \fr*\fqa Woggaa shantameesso'ootitti: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa yowbeel \fqa*\ft jedh.\ft*\f* yennaa gad lakkifamu, ka woyyoome te'ee, akka fichaa ana Mootii Waan Maraatiif kennamiisaaf murteeffameetitti, qabeenna hayyootaa hin te'a. \p \v 22 « ‹Nami tokko fichaa bitate ka lafa maatii ifii irraa dhaale hin te'in, ana Mootii Waan Maraatiif adda yoo baase, \v 23 hayyichi shallaggii fichaa sanii haga jila woggaa shantameesso'ootitti laakkowee shallaguu ti; namichille akka waan Mootii Waan Maraatiif woyyuu te'eetitti guyyuma san kaffaluu ti. \v 24 Jila woggaa shantameesso'ootitti fichaan sun abbicha lafaa ka qara inni irraa bite saniif hin deebi'a. \v 25 Shallaggiin martinuu akka madaallii addee woyyitti'iititti te'uu ti. \p \v 26 « ‹Te'uu malee angafi hori'ii duruuyyuu ka ana Mootii Waan Maraa waan te'eef, eennulle angafa hori'ii ana Mootii Waan Maraatiif adda baasuu hin dande'u; angafa jabbii loonii, angafa ilmoolee hoole'ee yookiin re'e'ee te'ulle ka ana Mootii Waan Maraa ti. \v 27 Horii qulqulluu hin te'in yoo te'e, gatii itti shallagame harka shan keessaa harka tokko itti dabalee wodatuu ti. Inni yoo hin wodatin, gatii itti shallagametti gurguramuu ti. \p \v 28 « ‹Wonni ana Mootii Waan Maraatiif kennamiisaaf murteeffame martinuu irra caalaa woyyuu waan teeteef, wonni nami naaf kenniisaaf murteesse horiin, nami, latti maatii ifii irraa inni dhaale tokkolle hin gurguramin yookiin hin wodamin. \v 29 Namalle yoo te'e hin wodamin; inni ijjeefamuu qaba. \p \v 30 «‹Waan latti baachu mara keessaa, midhaan biyyeen baachu yookiin midhaan mukaalle te'u kudhan keessaa tokko ka ana Mootii Waan Maraa ti. Ana Mootii Waan Maraatiifille ka woyyoome. \v 31 Nami kennansa ifii ka kudhan keessaa tokko kenne san wodatiisa barbaadu, gatii kennansa saniititti, harka shan keessaa harka tokko itti dabalee wodatuu ti. \v 32 Horii keessaa kudhan keessa tokko, ka laakkowamiisaaf ulee tissitootaa jala dabaranu mara keessaa kudhaneessoon, ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome te'uu ti. \v 33 Horiin kudhaneesso'oo sun badaa yookiin dansaalle te'u, nami kennu sun hin filin yookiin bakka hin buusin; horii tokko horii dhibi'ii bakka yoo buuse, lamaanuu ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomanuu ti; wodamiisaaf hin dande'anu› jedhi» jedhe. \p \v 34 Kun ajaja Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti kolbaa Israa'eliitiif karaa Muuse'eetiin kenne.