\id JOS - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Iyaasu'uu \toc1 Kitaaba Iyaasu'uu \toc2 Kitaaba Iyaasu'uu \toc3 Iya. \mt1 Kitaaba Iyaasu'uu \imt Seensa \ip Kitaab Iyaasu'uu, kolbaan Israa'elii Iyaasuu addee Muuse'eetitti filameen sooreffamaa woraanaan injifattee, lafa Kana'aanii attam akka qabatte dabarsii hintu. Dabarsii kitaaba kana keessatti barreeffante keessaa gugurdoon marroo laga Yordaanosii bu'iisaa, marroo jinnana Yeriko'oo, marroo woraana qachaa Aayii jedhamutti godhameetii fi marroo haaressiisa gondooroo kolbaan Waaqa woliin goote ta hintu. Kitaaba kana keessatti kutaa guddoo beekkamaa te'e keessaa tokko, «Ka waaqonfattanu adhuma filadha'a; anii fi maatiin tiyya ammoo Waaqa hin waaqonfanna» (24:15) ka jedhu. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Injifatamiisa Kana'aanii\ior 1:1—12:24\ior* \io1 Hirama lafa\ior 13:1—21:45\ior* \io2 Lafa laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu\ior 13:1-33\ior* \io2 Lafa laga Yordaanosii irraa gara aduun seentuu\ior 14:1—19:51\ior* \io2 Qachoota baqattootaa\ior 20:1-9\ior* \io2 Qachoota Lewwootaa\ior 21:1-45\ior* \io1 Gosi karaa aduun baatuu dhutte gara lafa ifii deebite\ior 22:1-34\ior* \io1 Nageya dhaamiisa Iyaasu'uu\ior 23:1-16\ior* \io1 Sekemitti gondooroon haareffante\ior 24:1-33\ior* \c 1 \s1 Waaqi Iyaasuu Ajaje \p \v 1 Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa du'een duuba, Mootiin Waan Maraa qarqaarticha Muuse'ee Iyaasuu ilma Nuniitiin, \v 2 «Muuseen tajaajilaan kiyya du'eera. Amma atii fi kolbaan Israa'elii tun duudiin ka'a'aatii laga Yordaanosii bu'a'aatii, gara lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kennu sanii dhaqa'a. \v 3 Ani akkuma Muuse'eef waadaa gale, addee faanti miila keessanii irra ijjattu duudii isiniif hin kenna. \v 4 Meessaan keessan lafa goomolee kibbaatii ka'ee haga gaara Libaanonii ka kaabaa, laga guddaa Efraaxiisiitii ka'ee, lafa Heetotaa duudii qabatee haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa gara aduun seentuu hin te'a. \v 5 Iyaasu'u, bara jiruu teetii duudii nami ifi irraa si qabatuu dande'u hin jiru. Akkuma Muusee woliin jiraadhe si wolille'een jiraadha. Ani yennaa maraa si woliin jiraadha; ijjumaa si hin lakkisu. \v 6 Lafa ani isaaniif kenniisaaf abbootii isaaniitiif waadaa gale, akka dhaalanuuf, sooressa kolbaa tanaa waan teetuuf, jabaadhuu, jajjabaadhu. \v 7 Atummaan jabaadhuu, jajjabaadhu! Seera Muuseen tajaajilaan kiyya si ajaje duudi'iif ajajamuu keeti mirkaneeffadhu. Addee dhaxxu maratti wonni marti qajeelaan akka sii teetu Seera kana irraa gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorin. \v 8 Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti. \v 9 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille'e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe. \s1 Iyaasuun Kolbaa Ajaje \p \v 10 Achiin duuba Iyaasuun sooreyyii kolba'aatiin, \v 11 «Addee quttumaa dhaqa'aatii kolba'aan, ‹Guyyaa sad keessatti laga Yordaanosii buutanee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif kennu dhaxxanee akka dhaaltanu, galaa keessan qopheeffadha'a!› jedha'aan» jedhee isaan ajaje. \p \v 12 Iyaasuun, gosa Ruubeniitiin, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee gamisaan, \v 13 «Dubbii Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, lafa tana isiniif kennee isin foorfachiisa› jedhee isin ajaje qaabadha'a. \v 14 Dubartooti teessan, ijoolleen teessanii fi horiin keessan lafa Muuseen laga Yordaanosiitiin gara aduun baatutti isiniif kenne keessa turanuu ti; namooti keessan ka meya lolaa hidhatane duudiin ammoo, obboleeyyan ifii Israa'eloota qarqaariisaaf isaaniin dura bu'anuu ti; \v 15 Mootiin Waan Maraa akkuma isin foorfachiise obboleeyyan teessanille haga foorfachiisu, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaaniif kennulle haga fudhatanutti isaan qarqaara'a. Achiin duuba lafa teessan ta Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa laga Yordaanosiitiin gara aduun baatutti isiniif kennetti deebitanee hin qabattan» jedhe. \p \v 16 Isaanille Iyaasu'uun, «Waan ati nu ajajje mara hin goona; gara nu ergitu maralle hin dhandha. \v 17 Akkuma yennaa mara Muuse'eef ajajanne, si'iifille hin ajajanna; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti callaan akkuma Muusee woliin jiraate, si wolille'een jiraatuu ti. \v 18 Nami ajaja keeti diduu fi dubbii teetiif hin ajajanne duudiin ijjeefamuu ti; atummaan jabaadhu, jajjabaadhu» jedhaneen. \c 2 \s1 Iyaasuun Worra Dooyu Yeriko'otti Erge \p \v 1 Eega san Iyaasuun ilmi Nunii quttuma lafa Shiixiim jedhantuu keessaa worra dooyu lamaan dhossa'aan ergee, «Dhaqa'aatii lafa san, keessattuu qachaa Yeriko'oo dooya'a» jedhe. Isaan yennaa achi geyane mana dubartii sagaagaltittii, «Rahaab» jedhantu takkaa seenanee, achi bulane. \v 2 Mooticha qachaa Yeriko'ootitti, «Kunoo, kolbaan Israa'elii gariin lafa dooyiisaaf halkaniin asi dhufaneeran» jedhanee himane. \v 3 Maarre inni Rahaabitti ergee, «Namooti mana keeti keessa jiranu biyya duudii dooyiisaaf waan dhufaneef, gad baasi!» jedhe. \p \v 4 Dubartittiin sun ammoo namoota lamaan san dhossitee, «Dhuguma, jarri takka gara kiyya dhutteertiiyyu; eessaa akka dhutte ammoo ani hin beeku. \v 5 Isaan aduun seentee balbalti karra qacha'aa yennaa cufantu bayannee deemane. Karaa isaan itti gorane ani hin beeku; yoo ariifattanee hordottane hin dhaqqaddan» jette. \v 6 Isiin ammoo jara heellichoo manaa gubba'atti ol baattee muka talba'aa ka achitti afameeru jalatti isaan dhossiteertiiyyu. \v 7 Namooti mootichi erge sun haga karaa malkaa laga Yordaanosii hordofiisaaf bayaneen duuba karri qacha'aa cufante. \p \v 8 Worri dooyu sun adoo hin rafin, Rahaab heellichoo manaa gubba'atti isaan bira dhaxxee, \v 9 «Waaqi lafa tana akka isiniif kenne ani hin beeka. Worri biyya tanaa duudiin isin sodaatanee akka gaga'aa baqane. \v 10 Yennaa isin biyya Gibxi'ii keessaa baatane, Waaqi attam akka abbaayaa diintuu isin duraa gosse, mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii fi Oog worra laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiru attam akka ijjeettanelle dhageenneerra. \v 11 Nuuti yennaa waan kana dhageenne, sodaannee akka gaga'aa bandhe; nuuti marti addii kutanne; sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan dhugumaan Waaqa ol-gubba'aatii fi lafaa ti. \v 12-13 Amma akkuma ani waan dansaa isiniif godhe, isinille mana abbaa kiyyaa badii irraa hamburiisaan waan dansaa akka gootanu maqaa Mootii Waan Maraatiin kakadha'a; abbaa kiyya, haadha tiyya, obboleeyyan tiyya, obboleeyyan tiyya ta durraatii fi waan isaanii mara du'a irraa akka hamburtanu, beessisa addachiisu naaf kenna'a» jette. \p \v 14 Jarri isi'iin, «Waan amma nuuti hujiisatti jirru kana yoo nama tokkolle'etti himuu dhaddee jiru'uun jiraanne, yennaa Mootiin Waan Maraa lafa tana nu'uuf kennu, isinille akka jiru'uun jiraattanu hin goona» jedhane. \p \v 15 Manni Rahaab keessa leetu gara tokkoon dalleya qacha'aa ka dhaka'aatiin wolitti waan ijaarameeruuf, qowa dalleya dhaka'aatiin wodaro'oon isaan gad buuttee, \v 16 «Worri isin hordofu akka isin hin dhaggine, gara lafa koobitti'ii dhaqa'aatii haga isaan deebi'anutti guyyaa sadii achitti dhokadha'a. Achiin duuba gara deemiisatti jirtanu deemuu dandeettan» jetteen. \p \v 17-18 Jarrille isi'iin, «Nuuti lafa qabatiisaaf yennaa dhunnu, wodaroo diintuu tana, karaa qowa gad nu buutte kanaan yoo hin hidhin, abbaa keetii fi haadha teeti, obboleeyyanii fi nama mana abbaa keetii mara mana keeti keessatti yoo wolitti hin qabin, kakuu ati nu galchite tanaaf hin komatannu. \v 19 Eennuulle mana keeti keessaa yoo gad baye, dokonkoruma ifiitiin du'e; nuuti itti hin gaafatannu; nama si woliin mana keessa jiru tokkocha irralle'etti miidhaan yoo dhaqqadde ammoo, nuuti itti hin gaafatanna. \v 20 Teetuu malee waan nuuti hujiisatti jirru kana yoo hinte, kakuu ati nu kakachiitte si'iif hin guunnu» jedhaneen. \v 21 Isiin, «Akkuma isin jettane teetuu ti» jettee, isaan lakkitte. Yennaa isaan deemane, wodaroo diintuu qowa san irratti hiite. \p \v 22 Worri isaan hordofu karaa mara irra barbaadee isaan dhabee haga deebi'utti, worri dooyu gara lafa koobitti'ii dhaqanee guyyaa sad achitti dhokatane. \v 23 Achiin duuba namooti dooyanu lamaan sun lafa koobittii irraa gadi bu'anee, laga Yordaanosii bu'anee gara Iyaasuu ilma Nunii dhufanee, waan isaan irra geye duudii itti himane. \v 24 Isaan, «Waaqi dhugumaan lafa duudii harka keennatti dabarsee nuuf kenneera. Kolbaan achi jirtu duudiille sodaattee akka gaga'aa baxxeerti» jedhanee Iyaasu'utti himane. \c 3 \s1 Kolbaan Israa'elii Laga Yordaanosii Gamatti Buute \p \v 1 Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin barii halkaniin ka'anee, lafa Shiixiimii lakkisanee gara laga Yordaanosii dhufanee, adoo gamatti hin bu'in achitti qubatane. \v 2 Guyyaa sadiin duuba sooressitooti addee quttumaa san keessa deddeentee, \v 3 kolba'aan, «Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessanii Lewwooti hayyooti ba'ataneeranuun yennaa dhaggitane, addee quttuma keessaniitii ka'a'aatii isaan faana deema'a. \v 4 Isin tanaan qara addee tana waan hin beenneef, karaa deentanu isaan isinitti hin mudhisan. Teetuu malee Saanduqa Gondooro'ootitti hin dhikaatina'a; isinii fi Saanduqa Gondooro'oo wodhakka'atti fageenni gara kiiloo meetira tokkoo jiraatuu ti» jettee ajajje. \p \v 5 Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa boru bilbaasota odduu teessanitti waan godhuuf, ifi qulleessa'a» jedheen. \p \v 6 Achiin duuba Iyaasuun hayyootaan, «Saanduqa Gondooro'oo fuudha'aatii kolba'aan dura deema'a» jedheen. Isaanille Saanduqa Gondooro'oo fuudhanee kolba'aan dura deemane. \p \v 7 Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Muusee woliin akkuma jiraadhe si wolille'een jiraatuu kiyya Israa'elooti marti akka beettu, ani adha isaan duratti si guddisiisuu jalqaba. \v 8 Hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atanuun, ‹Yennaa qarqara laga Yordaanosii geettane, bisaan keessa seena'aatii dhaabbadha'a› jedhiin» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba Iyaasuun kolbaa Israa'eliitiin, «Asi dhikaadha'aatii jecha Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessanii caqasa'a. \v 10 Akkuma isin gara duraa hiixxanuun, Waaqi jiraataan dhugumaan Kana'aanota, Heetota, Hiiwota, Pheriizota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yibusoota isin duraa oofee baasiisaan, odduu teessan jiraatuu isaa beettan. \v 11 Saanduqi Gondooroo Goottaa lafa duudi'ii isiniin dura laga Yordaanosii gamatti hin bu'a. \v 12 Maarre amma gosoota Israa'elii tokko tokkooyyuu keessaa nama tokko tokko fila'aatii, nama kudhanii lama dhikeessa'a. \v 13 Hayyooti saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa goottaa lafa duudi'ii ba'atane, akkuma isaan faana miila ifii bisaan keessa keyaneen, lagi Yordaanosii yaa'iisa hin lakkisa; bisaan gaara irraa gad yaa'iisatti jirulle gargar citee, eelee tuulama» jedhe. \p \v 14 Yennaa kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii bu'iisaaf addee qubatanee ka'ane, hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'atanee isaaniin dura deemane. \v 15 Lagi Yordaanosii yennaa midhaan galchanu guutee danbala'a; hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'ataneeranu laga Yordaanos geyanee akkuma faanti miila isaanii bisaan tuxxeen, \v 16 bisaan gaara irraa gad yaa'u dhaabbatee, fagaatee haga qachaa Adaamii ka qachaa Zaaretaanii biraatitti eelee tuulame. Bisaan gara Abbaayaa Arabaayii dabaree gara «Abbaayaa Sooddaa» jedhantuutitti yaa'u ijjumaa cite. Tanaaf kolbaan gara Yeriko'oo gamatti buute. \v 17 Israa'el duudiin lafa godduu irra deemaa yennaa bu'anu, hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu, haga kolbaan marti laga Yordaanosii buututti, laga Yordaanosii wodhakkaa lafa godduu irra dhaabbatteertiiyyu. \c 4 \s1 Soodduu Dhaabane \p \v 1 Kolbaan Israa'elii marti laga Yordaanosii buuteen duuba Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, \v 2 «Gosa tokko tokkooyyuu keessaa, nama kudhanii lama filiitii, \v 3 laga Yordaanosii wodhakkaa addee miilli hayyootaa dhaabbateeruun dhakoota kudhanii lama fuudhanee, addee edana bultanutti akka dhaabanu ajaji» jedhe. \p \v 4 Achiin duuba Iyaasuun namoota kudhanii lama ka file san waamee, \v 5 isaaniin, «Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessaniitiin dura tara'aatii, haga laga Yordaanosii wodhakka'aa deema'a. Akka laakkossa gosoota Israa'eliititti tokko tokkoon keessan dhakaa tokko tokko fuudha'aatii, gurmuu teessan irratti kaafadha'a. \v 6 Dhakooti kun odduu teessanitti beessisa te'a. Hegeri ijoolleen teessan, ‹Dhakooti kun maan godha?› jettee yennaa isin gaafattu, \v 7 isin, ‹Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa laga Yordaanosii yennaa bu'e, bisaan Yordaanosii gargar cite; tanaaf dhakooti kun kolbaa Israa'eliitiif haga bara baraa yaadannoo hin te'a› jettanee itti hintan» jedhe. \p \v 8 Maarre Israa'elooti akkuma Iyaasuun isaan ajaje godhane. Akkuma Mootiin Waan Maraa Iyaasuu ajajetti isaan akka laakkossa gosa Israa'eliititti dhakaa kudhanii lama odduu laga Yordaanosiitii fuudhanee, gara quttuma ifii geessanee achitti dhaabane. \v 9 Iyaasuulle dhakoota kudhanii lama laga Yordaanosii wodhakka'atti addee miilli hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atane dhaabbatetti dhaabe. Dhakooti sun haga adhalle achuma jiran. \v 10 Akka kolba'aaf himu Mootiin Waan Maraa akkuma Iyaasuu ajajetti, wonni marti haga muummottutti hayyooti laga Yordaanosii wodhakkaa dhaabbattee turte. Wonni Muuseen Iyaasuu ajajelle tanuma. \p Kolbaalle ariiti'iin lagaan gamatti buute. \v 11 Isaan martinuu gamatti bu'anee cullaneen duuba, hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu gamatti buutee kolba'aan duratti tarte. \v 12 Worri adhi'iif qophowe Ilmaan Ruubenii, ilmaan Gaadiitii fi gamisi gosa ilmaan Minaase'ee, akkuma Muuseen isaan ajajetti meya woraanaa hidhatanee kolbaa Israa'eliitiin dura bu'ane. \v 13 Namooti gara kuma afurtamaa meya lolaa hidhatanee qajeelcha Mootii Waan Maraatiin lolaaf gara Diida Yeriko'oo gamatti bu'ane. \v 14 Gaafa san Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duudii duratti Iyaasuu guddise. Isaanille akkuma Muusee ulfeessane, bara jiruu isaa mara isa ulfeessane. \p \v 15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, \v 16 «Hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'atteertu laga Yordaanosii keessaa akka bayanu ajaji» jedhe. \v 17 Tanaaf Iyaasuun hayyootaan, «Laga Yordaanosii keessaa baya'a» jedhee ajaje. \v 18 Hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu laga Yordaanosii keessaa baatee, miilli isaanii lafa godduu irra yennaa ijjate, lagi Yordaanosii addee ifiititti deebi'ee, akkuma durii guutee danbala'e. \p \v 19 Kolbaan Israa'elii ji'a matoomaa guyyaa kudhaneesso'ootitti laga Yordaanosiitii ol bayanee, meessaa Yeriko'oo gara aduun baatuun Giilgalitti qubatane. \v 20 Iyaasuun dhakaa kudhanii lama ka laga Yordaanosii keessaa fuudhame Giilgalitti dhaabee, \v 21 kolbaa Israa'eliitiin, «Hegeri yennaa ijoolleen teessan, ‹Dhakaan kun maan?› jettee abbootii ifii gaafattu, \v 22 isin, ‹Kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii kana keessa lafa godduu irra buute. \v 23 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan haga nuuti buunutti Abbaayaa Diintuu nuuf gosse; isinille'eef haga isin buutanutti Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan bisaan Yordaanosii gosse. \v 24 Waan kanaaf kolbaan lafa irra jirtu duudiin hunni Mootii Waan Maraa attam guddoo akka teetee hin beetti; isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessan haga bara baraa hin ulfeessitan› jedha'aan» jedhe. \c 5 \p \v 1 Moototi Amoorotaa worri laga Yordaanosiitiin gama gara aduun seentuu jiru duudi'ii fi moototi Kana'aanotaa worri irga abbaayaa Mediteraaniya'aa jiranu duudiin, haga kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii buutu akka Mootiin Waan Maraa laga gosse yennaa dhage'ane, sodaatanee akka gaga'aa baqane; isaan sababa Israa'elootaatiif jajjabeenna dhabane. \s1 Israa'elooti Giilgalitti Haqanqabaa Qabatane \p \v 2 Yennaa san Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Dhakaa qara qabu qopheeffadhuutii ammalle ilmaan Israa'elootaa haqanqabaa qabi» jedhe. \v 3 Maarre Iyaasuun dhakaa qara qabu qopheeffatee, Gibi'aat-Haaraalotitti ilmaan Israa'elootaa haqanqabaa qabe. \v 4 Wonni Iyaasuun isaan haqanqabaa qabeef kana: namooti biyya Gibxi'iitii bayane marti, dhiirti worri woggaan isaanii duulaaf geye duudiin, biyya Gibxi'iitii bayanee adoo goomolee keessa deemanuu du'ane. \v 5 Namooti biyya Gibxi'ii keessaa bayane duudiin haqanqabaa qabataneeraniiyyu; biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba worri goomolee keessatti dhalate duudiin ammoo, haqanqabaa hin qabanne. \v 6 Israa'elooti Gibxi'ii yennaa bayane worri woggaan isaanii duulaaf geette duudiin jecha Mootii Waan Maraatiif waan ajajamuu dhabaneef, haga isaan dhumatanutti kolbaan Israa'elii woggaa afurtama goomolee keessa deemaa turte. Mootiin Waan Maraa lafa aananii fi dammaa ta sanyii isaaniitiif kenniisaaf abbootii isaaniitiif waadaa gale san, akka isaan hin dhaggine kakate. \v 7 Iyaasuun ijoollee Mootiin Waan Maraa addee abbootii isaaniititti kaase haqanqabaa qabe; isaan karaa irratti haqanqabaa waan hin qabatiniif, haqanqabaa qabatanee hin jiranu. \p \v 8 Kolbaan duudiin haqanqabaa qabatteen duuba, haga madaan isaanii fayyitu addee quttumaatitti turane. \v 9 Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ani adha salphinna keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin irraa konkolaachise» jedhe. Tanaaf maqaan addee sanii haga adhaa, «Giilgal\f + \fr 5:9 \fr*\fqa Giilgal: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa konkolaachisuu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhame. \p \v 10 Israa'elooti Giilgalitti qubatanee adoo jiranuu, ji'a keessaa guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti galgala diida Yeriko'ootitti Jila Irra Dabaramaa jilifatane. \v 11 Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin duuba midhaan lafa sanii, daabboo uukoo hin qannee fi akumm'ee nyaatane. \v 12 Guyyaa isaan midhaan lafa sanii nyaataneen jalqabee, mannaan bu'iisa lakkise; Israa'elooti woggaa san keessa midhaan latti Kana'aanii baattu nyaatane malee, eega san deebi'anee mannaa hin dhagganne. \s1 Mudhii Iyaasu'uu \p \v 13 Iyaasuun qachaa Yeriko'ootitti yennaa dhikaate, nama shallaagaa buqqifatee dhaabbateeru tokko ifiin duratti dhaggee, gara isaa dhaqee, «Ati gara keenna moo gara diina keennaa ti?» jedhee gaafate. \p \v 14 Namichille deebisee, «Ani gara keessan yookiin gara diinaatille'e moti; ammoo ajajaa loltoota Mootii Waan Maraa te'ee dhufeera» jedhe. \p Iyaasuulle lafatti jigee sagadeefii, «Goottaa kiyya, maan akka ani godhu barbaadda?» jedhee deebise. \p \v 15 Ajajaan loltoota Mootii Waan Maraa deebisee Iyaasu'uun, «Addeen ati dhaabbatteertu tun woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu» jedhe. Iyaasuulle akkasuma godhe. \c 6 \s1 Jinnana Qachaa Yeriko'oo \p \v 1 Sodaa Israa'elootaatiif, balbalti seensuma karra qachaa Yeriko'oo cufantee eegamaa turte. Nami tokkolle seenuu yookiin bayuu hin dandeenne. \v 2 Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ilaa, ani qachaa Yeriko'oo, mootii isaatii fi loltoota isaa woliin harka keetitti dabarsee kenneera. \v 3 Atii fi loltooti teeti haga guyyaa jaa, guyyaa keessatti yennaa tokko qachaa Yeriko'oo gogeessaan mara'a. \v 4 Hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabattee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deentuu ti. Guyyaa torbeesso'ootitti hayyooti tultullaa afuuttuun, atii fi loltooti teeti qachaa san yennaa torba cinaa mara'a. \v 5 Isaan qoonqoo tultulla'aa adoo wol irraa hin kutin, tultullaa yennaa afuufanuun dhageettane, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee iyyituu ti. Achiin duuba dalleenni dhaka'aa ka qacha'aa hin jiga; kolbaan sun nami tokkoon tokkonuu fuula ifii duraan gara qacha'aa seenuu ti» jedhe. \p \v 6 Iyaasuun ilmi Nunii hayyoota waamee, «Saanduqa Gondooro'oo fuudha'aatii, isin hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabadha'aatii Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deema'a» jedhe. \v 7 Inni kolba'aan, «Deema'aatii, qachaa gogeessaan marsa'a; worri meya lolaa hidhate Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deemuu ti» jedhe. \p \v 8 Iyaasuun kolba'atti dubbateen duuba, hayyooti torba worri Mootii Waan Maraatiin dura tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabatee deemu, tultullaa san afuufaa dura deemane; Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraalle isaan gula deeme. \v 9 Worri meya woraanaa hidhateerulle, hayyoota tultullaa afuufanuun dura deeme; worri kuun ammoo, hayyooti adoo wol irraa hin kutin tultullaa afuuttuun, Saanduqa Gondooro'ootiin duuba deeme. \v 10 Iyaasuun ammoo, «Haga ani, ‹Iyya'a› jedhee isinitti himutti hin iyyina'a; qoonqoon teessan hin dhage'amin, dubbiin takkaalle afaan keessan keessaa hin bayin» jedhee jara ajaje. \v 11 Maarre Iyaasuun Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa yennaa tokko qachaa akka maru godhe. Achiin duuba isaan addee quttumaatitti deebi'anee achi bulane. \p \v 12 Iyaasuun barii halkan ka'e; hayyootille Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atte. \v 13 Hayyooti torba worri tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabateeru, adoo woli irraa hin kutin tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa dura deemane. Worri meya woraanaa hidhateeru isaaniin dura deeme; worri kuun ammoo Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin duuba deemane. \v 14 Guyyaa lammeesso'oo yennaa tokko gogeessaan qachaa maranee, addee quttumaatitti deebi'ane; haga guyyaa jaa akkasuma godhane. \p \v 15 Guyyaa torbeesso'ootitti barii yennaa boruun dayya'u ka'anee, akkuma qaraa yennaa torba qachaa marane; guyyaan isaan yennaa torba gogeessaan qachaa cinaa marane gaafa kana qofa. \v 16 Martoo torbeesso'ootitti yennaa hayyooti tultullaa afuuttu, Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa qachaa kana waan isiniif kenneef iyya'a! \v 17 Qacha'aa fi wonni qachaa keessa jiru marti akka woreegamanuuf, Mootii Waan Maraatiif murteeffamaneeran; Rahaabiin sagaagaltittiin dootuu nuuti erganne waan dhossiteef, isi'ii fi worri isii woliin mana isi'ii keessa jiru callaan hafanuu ti. \v 18 Isin ammoo quttuma Israa'elootaatitti rakko'oo fi badii akka hin finne waan ijjumaa balleeffamuu qabu fudhatiisa irraa ifi eeggadha'a. \v 19 Meeti'ii fi worqiin, mey sageettu'uu fi sibiila irraa hujame marti Mootii Waan Maraatiif ka woyyoomane waan te'aneef addee karra Mootii Waan Maraatitti maffamuu qaban» jedhe. \p \v 20 Maarre hayyooti tultullaa afuutte. Kolbaan akkuma tultullaa dhageetteen, qoonqoo guddo'oon iyyite; dalleenni qacha'aalle jige. Achiin duuba kolbaan sun nami tokko tokkonuu fuula ifii duraan gara qacha'aa seenee qabate. \v 21 Isaan waan qachaa san keessa jiru duudii dhiiraa fi dubartii, dargaggootaa fi jaarsolee, loon, hoole'ee fi harree shallaaga'aan ijjeesiisaan Mootii Waan Maraatiif murteessane. \p \v 22 Iyaasuun achiin duuba dootuu lamaaniin, «Gara mana namittii sagaagaltuu sanii dhaqa'aatii, akkuma isi'iif kakattanetti isi'ii fi worra isii woliin mana isi'ii keessa jiru baasa'a» jedhe. \v 23 Maarre isaan deemanee abbaa isi'ii, haadha isi'ii, obboleeyyan isi'iitii fi worra isii woliin jiru mara baasane; maatii isi'iille mara fidanee quttuma Israa'elootaatiin ala qubachiisane. \v 24 Achiin duuba isaan meetii, worqii, meya sageettu'uu fi sibiila irraa hujame addee karra Mootii Waan Maraa keyanee, qacha'aa fi waan isa keessa jiru mara ammoo ibiddaan gubane. \v 25 Iyaasuun ammoo Rahaabiin sagaagaltittiin ergantoota qachaa Yeriko'oo dooyiisaaf ergamane san dhossitee waan baatteef, isii, maatii isi'iitii fi worra isii woliin jiru mara du'a irraa hambure. Sanyiin isi'ii haga adhaa biyya Israa'elii keessa jirti. \q1 \v 26 Yennaa san Iyaasuun, \q2 «Nami qachaa Yeriko'oo deebisee ijaariisaaf ka'u \q2 Mootii Waan Maraa duratti \q2 ka abaarame hin te'a. \q1 Nami hundee isaa buusu \q2 ilma angaficha ifii hin dhaba; \q2 nami karra dalleyaa dhaabu \q2 ilma maandhicha ifii hin dhaba» \q2 jedhee jabeessee isaan kakachiise. \p \v 27 Maarre Mootiin Waan Maraa Iyaasuu woliin jiraayyu; gurri isaalle lafa san duudii keessatti dhage'ame. \c 7 \s1 Cubbuu Akaaniitii fi Adabamiisa Isaa \p \v 1 Kolbaan Israa'elii waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame fudhatiisaan addatamummaa dhadde; gosa Yihuda'aa keessaa Akaaniin ilmi Karmii, akaakoon Zabdii, abuuboon Zaara'aa waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame irraa waan fudhateef, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliititti guddoo aare. \p \v 2 Iyaasuun qachaa Yeriko'ootii gara qachaa Aayii ka Bet'el irraa gara aduun baatu, qachaa Bet-Aweenii bira jirutti namoota ergee, «Ol baya'aatii lafa dooya'a» jedhe; namootille ol bayanee qachaa Aayii dooyane. \v 3 Isaan gara Iyaasu'uu deebi'anee, «Worri Aayii diqqaa waan te'eef, isaan injifatiisaaf nama mara itti duulchisuu hin barbaachisu; akka adhanuuf namoota kuma lama yookiin kuma sad qofa itti ergi; kolbaan Aayii diqqoo waan teeteef loltoota mara hin dadhassiisin» jedhaneen. \v 4 Maarre Israa'elooti gara kuma sadii gara qachaa Aayii ol bayane; ammoo namoota Aayii duraa baqatane. \v 5 Namooti qachaa Aayii karra qacha'aatii haga Shebaariimiititti Israa'eloota ari'anee, irraa gadee irratti namoota soddomii jaa ijjeesane. Achiin duuba gadhaan kolbaa Israa'elii akka gaga'aa baqeera. \p \v 6 Yoos Iyaasu'uu fi sooreyyiin Israa'elii gaddanee woyaa ifii tarsaasane; isaan mataa ifii irratti bukuu facaafatanee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifamanee, haga galgalaa achi turane. \v 7 Iyaasuun, «Maaloo, Goottaa Mootii Waan Maraa! Kolbaa tana as laga Yordaanosii gamatti maaf buutte? Harka worra Amoorotaatitti kennitee nu balleessiisaafii? Adoo laga Yordaanosiitiin gamatti hannee hin jiraannuu! \v 8 Ee Gootta'a, Israa'elooti diinota ifii eega baqatte, ani maan jedha ree? \v 9 Worri Kana'aanotaatii fi worri lafa san keessa jiru duudiin marroo waan kanaa hin dhage'an. Isaan nu duudii marsanee, lafa irraa nu hin balleessan. Maqaa guddaa keetiif jettee maan goota ree?» jedhe. \p \v 10 Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ka'i! Maaf lafatti gad gombifante? \v 11 Kolbaan Israa'elii cubbuu hujjeerti! Gondooroo tiyya ta ani akka eegattuuf ajaje diiddeerti. Waan ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame irraa fudhattee, hattee, soddee karra ifii wolille'een keyatteerti. \v 12 Tanaaf kolbaan Israa'elii diinota ifii dura dhaabbatuu hin dandeenne; akka woreegamanu ana Mootii Waan Maraatiif waan murteeffamaneef, isaan diinota ifii duraa baqatan. Waan akka badduuf ani murteesse yoo balleessitane malee, ani deebi'ee isin woliin hin jiraadhu. \v 13 Ka'iitii kolbaa qulleessi! ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ee Israa'el! Wonni Mootii Waan Maraatiif murteeffame odduu teessan jira. Waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame kana odduu teessanii haga baattanutti diinota keessan dura dhaabbatuu hin dandeettanu; boruuf ifi qulleessa'a. \v 14 Barii gosuma gosa keessaniin dhikaadha'a. Gosi Mootiin Waan Maraa filu golii maatii maati'iitiin, maatiin Mootiin Waan Maraa filu dhiirti tokko tokkoon Mootii Waan Maraa duratti dhikaatuu ti. \v 15 Nami wonni Mootii Waan Maraatiif murteeffame biratti dhaggame, Gondooroo Mootii Waan Maraa diigee, salphinna hamaa kolbaa Israa'elii keessatti waan godheef, innii fi wonni inni qabu marti gubamuu ti› jedhii isaanitti himi» jedhe. \p \v 16 Iyaasuun barii halkaniin ka'ee Israa'el gosa gosaan fidee dhikeessee, Waaqi gosa Yihuda'aa file. \v 17 Iyaasuun gosa Yihuda'aa golii maatii maati'iitiin duratti dhikeessee, isaan keessaa Waaqi golii maatii Zaara'aa file. Achiin duuba maatiin Zaara'aa duudiin duratti dhikaattee, Waaqi maatii Zabdii file. \v 18 Achiin duuba Iyaasuun maatii Zabdii dhiira tokko tokkoon gara duraa dhikeesse. Waaqille Aakaanii ilma Karmii file; Karmi ilma Zabdii ti, Zabdi ilma Zaara'aa ti. \v 19 Iyaasuun ammalle Akaaniin, «Ilma kiyya, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif ulfinna kenni; isa leellifadhu. Waan gootelle amma na hin dhossinii natti himi» jedhe. \p \v 20 Akaan deebisee, «Dhuguma ani Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii yakkeera; wonni ani yakkelle, \v 21 meya dhagge keessaa woyaa dansaa worra Shiinaarii\f + \fr 7:21 \fr*\fqa Shiinaar: \fqa*\ft Biyya Baabilonii ti.\ft*\f*, meetii gara kiiloogiraama lamaatii fi worqii gara giraama shantamaa dhaggee kajeelee fudhadhe. Woyaan dunkaana kiyya keessatti awwaalantee, meetiille woyaa jalaan jirti» jedhe. \p \v 22 Maarre Iyaasuun ergantoota erge; isaanille gara dunkaana isaa rukkisanee mey dunkaana keessatti awwaalamee, meetiin jalaan jirtuun dhaggane. \v 23 Isaan meya dunkaana keessaa baasanee addee Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin jirtutti fidanee, Mootii Waan Maraa dura naqane. \v 24 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti duudiin Aakaanii ilma Zaara'aa, meetii, geellaa, Worqii cittuu, ilmaan isaatii fi ijoollee durraa ta isaa, loon, harree, hoolee, dunkaana isaatii fi waan inni qabu mara fuudhanee gara dhooqa rakko'ootitti geessane. \v 25 Iyaasuun Akaaniin, «Ati maaf rakkoo tana nutti fidde? Mootiin Waan Maraa adha rakkoo sitti hin fida» jedhe; kolbaan Israa'elii marti Aakaanii fi maatii isaa dhaka'aan tumanee ijjeesanee, ibiddaan gubane. \v 26 Aakaanii gubame irratti tuulaa dhaka'aa guddoo itti tuulane; tuulaan dhaka'aa sun haga adhaalle jirti. Mootiin Waan Maraalle aaree gubatiisa lakkise. \p Tanaaf addeen sun haga adhaalle, «Dhooqa rakko'oo\f + \fr 7:26 \fr*\fqa Dhooqa rakko'oo: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Aakor \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhanti. \c 8 \s1 Diigamiisa Qachaa Aayii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Hin sodaatin! Gadhaa hin guurin! Loltoota teeti duudii fudhadhuutii gara qachaa Aayii ol bayi; kunoo ani mootii qachaa Aayii, kolbaa isaa, qachaa isaatii fi lafa isaa harka keetitti dabarsee kennaara. \v 2 Akkuma qachaa Yeriko'ootii fi mootii qachaa Yeriko'oo goote, qachaa Aayiitii fi mootii qachaa saniille akkasuma hin goota; ammoo hori'ii fi waan qachaa keessaa boojitu ifiif fudhadhu; loltoota teeti keessaa garii qachaa duubaan kushee qabachiisi» jedhe. \p \v 3 Maarre Iyaasuun loltoota ifii duudii woliin qachaa Aayii loliisaaf ka'e. Inni loltoota ifii worra irra jajjabaa kuma soddoma filee halkaniin ergee, \v 4 isaan ajajee, «Miidhassa'aa caqasa'a. Qacha'aan duubatti kushee qabadha'aatii loliisaaf qophowa'a malee, irraa guddoo hin fagaatina'a. \v 5 Anii fi namooti na woliin jiranu qacha'atti hin dhikaanna. Yennaa isaan akkuma durii nu loliisaaf bayanu, isaan duraa hin baqanna. \v 6 Isaan ‹Akkuma durii nu duraa baqataaran› jedhanee, qachaa keessaa haga isaan fageessinutti nu ari'an. \v 7 Achiin duuba kushee keessaa baya'aatii, qachaa qabadha'a. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan qachaa san dabarsee isiniif hin kenna. \v 8 Qachaa qabattaneen duuba guba'a. Akkuma Waaqi ajaje godha'a; kunoo, ani isinitti himeera» jedhe. \v 9 Maarre Iyaasuun erge; isaanille addee san dhaqanee, qachaa Aayii irraa gara aduun seentuun qachaa Aayiitii fi Bet'elii oddu'utti riphanee eegane; Iyaasuun ammoo halkan san loltoota hafane kaan bira bule. \p \v 10 Iyaasuun barii halkaniin ka'ee, loltoota ifii gogeessatti galche. Achiin duuba innii fi sooreyyiin Israa'elii worra duulu gara qachaa Aayii sooressane. \v 11 Loltooti isa woliin jiranu duudiin ol bayanee, qachaa Aayiitiin dura gara kaabaatitti qubatane; isaanii fi qachaa Aayi odduu dhooqatti jiraayyu. \v 12 Iyaasuun namoota gara kuma shanii fuudhee, akka isaan riphanee eeganuuf qachaa Aayii irraa gara aduun seentutti Bet'elii fi Aayi odduu keye. \v 13 Loltoota garii qachaa irraa gara kaabaatitti, ka hafane gara aduun seentutti addee qabachiisane. Iyaasuun ammoo halkan san dhooqa keessa bule. \v 14 Mootiin Aayii tana yennaa dhagge, innii fi namooti qachaa keessa jiranu duudiin barii halkaniin ariifatanee, kolbaa Israa'elii loliisaaf gara fuullee Arabaayiititti\f + \fr 8:14 \fr*\fqa Arabaayi: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa diida goomole'ee \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* gad bayane. Mootichi ammoo akka namooti qacha'aan duubatti riphanee eegiisatti jiranu hin beenne. \v 15 Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin waan injifatamane ifi fakkeessanee gara goomole'ee baqatane. \v 16 Namooti qachaa Aayii duudiin akka isaan ari'anuuf waamamane; isaanille adoo Iyaasuu ari'anuu qachaa irraa fagaatane. \v 17 Nami Israa'eloota ari'iisaaf qachaa Aayiitii fi Bet'elii keessaa hin bayin hin jiruuyyu. Isaan qachaa eeddoo malee lakkisanee kolbaa Israa'elii ari'ane. \p \v 18 Achiin duuba Waaqi Iyaasu'uun, «Eboo teeti gara qachaa Aayii qabi; ani qachaa kana harka keetitti dabarsee kennaara» jedhe; Iyaasuulle eboo ifii gara qachaa Aayii qabe. \v 19 Akkuma inni harka ifii ol kaaseen, loltooti riphaneeranu ariiti'iin ka'anee gara qacha'aa fiiganee qachaa san qabatanee, yoosuma ibidda itti qassiisane. \v 20 Worri qachaa Aayii garagalee yennaa ilaalu, aarri qachaa keessaa ol ka'uun dhagge. Kolbaan Israa'elii ta gara goomole'ee baqataa turte, worra isaan ari'u loliisaaf waan itti garagalteef, worri ari'u karaa miliqu dhabe. \v 21 Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin, worri kushee qabatee riphe akka qachaa qabatee fi aarri qachaa keessaa akka ol ka'e yennaa dhaggane, garagalanee worra qachaa Aayii adhane. \v 22 Worri qachaa qabate sun qachaa keessaa bayee loliisaaf gad dhufe; maarre Israa'elooti worra qachaa Aayii marsanee, nami tokkolle adoo hin hafin yookiin hin miliqin ijjeesanee fixane. \v 23 Mooticha qachaa Aayii ammoo booji'anee gara Iyaasu'uu geessane. \p \v 24 Worri Israa'elii, namoota qachaa Aayii worra isaan ari'uu dhaqe duudii goomolee keessatti nami tokkolle adoo hin hafin shallaaga'aan ijjeesanee fixane. Achiin duuba gara qachaa Aayii deebi'anee worra achi keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane. \v 25 Gaafa san kolbaan qachaa Aayii marti dhiiraa fi dubartiin kuma kudhanii lamaa dhumate. \v 26 Worri qachaa Aayii keessa jiru duudiin haga dhumatutti, Iyaasuun harka ifii ka ittiin eboo qacha'atti qabe gad hin buufanne. \v 27 Worri Israa'elii ammoo akkuma Waaqi Iyaasuu ajajetti, hori'ii fi waan qachaa keessaa booji'ane fudhatane. \v 28 Maarre Iyaasuun qachaa Aayii gubee, akka tuulamu godhe. Qachaan sun haga adha akkasuma jira. \v 29 Iyaasuun mooticha qachaa Aayi muka irratti fannisee, haga galgalaa achitti lakkise; yennaa aduun seentu reeffa muka irraa buusanee, seensuma karra qacha'aatitti akka gatanu ajaje. Isaan tuulaa dhaka'aa guddoo itti tuulane; tuulaan sun haga adhaa achi jirti. \p \v 30 Achiin duuba Iyaasuun gaara Ebaalii irratti Goottaa Waaqa Israa'eliitiif addee ciinca'aa huje. \v 31 Iyaasuun akka Muuseen tajaajilaan Waaqaa kolbaa Israa'elootaa ajajee fi akka kitaaba Seera Muuse'ee keessatti barreeffantetti, dhakaa hin bocaminii fi ka mey sibiilaa hin tuqin irraa addee ciinca'aa huje. Isaan achi irratti ciinca'aa fi woreega tokkumma'aa\f + \fr 8:31 \fr*\fqa Woreega tokkumma'aa: \fqa*\ft Yookiin nageya.\ft*\f* Mootii Waan Maraatiif dhikeessane. \v 32 Achitti inni Israa'elootaa duratti, seera Muuseen barreesse irraa dhakoota irratti barreesse. \v 33 Kolbaan Israa'elii duudiin, jaarsolee isaanii, qondaaltotaa fi abbootii mura'aa ta isaaniitii fi orma isaan woliin jiru wolille'een Saanduqa Gondooro'oo garanaa fi gara kaaniin Lewwoota worra hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atane dura dhaabbattane; Muuseen tajaajilaan Waaqaa kolbaa Israa'elii akka eebbisanu dursee akkuma isaan ajajetti worri gariin gara gaara Geriiziimiititti, worri gamisi gara gaara Ebaalititti garagalee dhaabbate. \v 34 Achiin duuba Iyaasuun Seera duudii, eebbaa fi abaarsa, akkuma kitaaba Seeraa keessatti barreeffame qoonqoo guddo'oon dubbise. \v 35 Dubbii Muuseen ajaje duudii keessaa, wonni Iyaasuun wolde'a Israa'elii dubartoota, ijoolle'ee fi worra orma isaan woliin jiru duudi'itti hin dubbisin hafe hin jiru. \c 9 \s1 Worri Giibe'onii Iyaasuu Sobe \p \v 1 Moototi Yordaanos irraa gara aduun seentuu ta biyya koobitti'ii, biyya gammoojji'iitii fi qarqara Abbaayaa Mediteraaniya'aa haga kaaba Libaanoniititti jiranu, moototi Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa duudiin waan kana yennaa dhage'ane, \v 2 Iyaasu'uu fi kolbaa Israa'elii loliisaaf wolitti dacha'anee dhufane. \p \v 3 Worri lafa Giibe'onii Hiiwoti ammoo, waan Iyaasuun qachaa Yeriko'ootii fi Aayii irratti godhe yennaa dhage'ane, \v 4 Iyaasuu sobiisaaf murteeffatane. Isaan worra lafa fago'ootii ergamane ifi fakkeessanee, galaa qopheeffatanee, subba dullootaa fi qalqalluu daadhii woyni'ii ka dulloomee tarsa'ee erbame harree ifiititti fe'atane. \v 5 Isaan kophee dulloontee hodhante keyatanee, woyaa dulloontelle uffatane. Daabboon isaan galaa godhatane duudiin goddu'uu fi ta buullansootte. \v 6 Achiin duuba isaan gara quttuma Iyaasu'uu Giilgal dhaqanee, Iyaasu'uu fi Israa'elootaan, «Nuuti isiniin firoomiisaaf lafa fago'ootiin dhunneerra, kowa'a wol gondoorra» jedhane. \p \v 7 Israa'elooti ammoo Hiiwotaan, «Isin dhikoo teenna leetan fa te'a, attamiin wol gondoorra ree?» jedhane. \p \v 8 Isaan Iyaasu'uun, «Nuuti tajaajiltoota teeti» jedhane. \p Iyaasuun ammoo, «Isin eennu? Eessaa dhuttane» jedhee isaan gaafate. \p \v 9 Isaanille deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti, gurra Goottaa Waaqa keetii, waan inni biyya Gibxi'iititti godhe duudii dhageennee, biyya fago'ootii dhunne; \v 10 waan inni mootota Amoorotaa lamaan worra laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiranu, Sihoonii mootii Heshibooniitii fi Oogii mootii Baashaanii ka qachaa Ashtaaroo le'anu godhe duudiille dhageenneerra. \v 11 Jaarsoleen teennaa fi worri biyya teenna keessa le'u duudiin nu'uun, ‹Deensa kara'aatiif galaa qabadha'aatii, gara Israa'elootaa deema'aatii isaaniin wol dhagga'a; isaanille'een, «Nuuti tajaajiltoota teessan; kowa'a wol gondoorra» › jedha'a. \v 12 Daabboo teenna ilaala'a. Yennaa nuuti isiniin wol dhaggiisaaf mana keennaa qabannee baane o'itu'u. Amma ammoo, akka isiin goddee buullansootte ilaala'a! \v 13 Qalqallooti daadhii woyni'ii kana yennaa itti guutanne haareya; amma kunoo tatarsa'eera. Karaa fagoo deemiisa keenna irraa ka ka'e woyaan teennaa fi kopheen teenna dulloonteerti» jedhane. \v 14 Israa'elooti sagalee diqqoo jara irraa fudhatane malee, marroo waan kanaa fedha Waaqaa hin gaafanne. \v 15 Maarre Iyaasuun akka isaan hin ijjeenne isaan woliin wol gondoore; jaarsoleen kolba'aalle gondooroo san eegiisaaf kakatte. \p \v 16 Wol gondooranee guyyaa sadiin duuba, Israa'elooti, worri kun ollaa isaaniitii fi worra dhikoo isaanii jiru akka te'ane dhage'ane. \v 17 Guyyaa sadiin duuba kolbaan Israa'elii addee quttumaatii kaatee, gara qachaa worri kun le'uu Giibe'on, Kefiiraa, Berootii fi Kiriiyat-Ya'ariimii dhaqane. \v 18 Israa'elooti ammoo sooreyyiin isaanii maqaa Goottaa Waaqa Israa'eliitiin waan isaaniif kakataneef isaan hin ijjeenne. Israa'elooti duudiin marroo waan kanaa sooreyyii irratti gungunte. \v 19 Sooreyyiin ammoo, «Nuuti maqaa Goottaa Waaqa Israa'eliitiin isiniif kakanneerra; tanaaf amma isaan miidhuu hin dandeennu. \v 20 Kakuu isaaniif kakanne diinnee mufiin Waaqaa akka nutti hin dhunne, kowa'a jiraatanuu lakkinna. \v 21 Akkuma sooreyyiin isaanitti murteessitetti jiraatanuu ti; ammoo qoraan biyyaaf cassaa, bisaan biyyaa woraabanuu ti» jedhane. \p \v 22 Iyaasuun worra Giibe'onii waansisee, «Isin as dhikoo teenna adoo leetanuu, ‹Nuuti fago'oo dhunne› jettanee maaf nu soddane? \v 23 Tana waan gootaneef, Waaqi isin abaareera. Kolbaan teessan qoraan cassiisaa fi bisaan woraabiisaan, mana Waaqa kiyyaatiif haga bara baraa garboolee te'an» jedhe. \p \v 24 Isaan deebisanee Iyaasu'uun, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa tana duudii isin akka dhaalchisuu fi kolbaa lafa tana keessa jiraattu duudii akka balleessu, tajaajilaa ifii Muusee akka ajaje waan dhageenneef, isin guddoo sodaannee lubbuu teenna hamburatiisaaf tana goone. \v 25 Kunoo, nuuti harka keeti keessa jirra; waan ila teeti duratti dansa'aa fi sirrii te'ee mudhate nu irratti godhi» jedhaneen. \v 26 Tanaaf Iyaasuun harka Israa'elootaa irraa isaan hambure; Israa'elootille isaan hin ijjeenne. \v 27 Gaafas Iyaasuun jara san qoraan cassaa, bisaan woraabaa, kolbaa Israa'eliitii fi addee ciincaa Mootii Waan Maraa akka tajaajilanu godhe. Isaan haga adhaa addee inni akka itti waaqonfamuuf filatetti hujii tana hujiisatti jiran. \c 10 \s1 Aduun Dhaabbatte \p \v 1 Adoonii-Zedeq mootiin Yerusaalemii, Iyaasuun qachaa Aayii fudhatee ijjumaa akka balleesse, waan inni qachaa Yeriko'ootii fi mootii Yeriko'oo, Aayii fi mootii Aayii godhe, worri Giibe'oniille Israa'eloota woliin akka wol gondooranee woliin le'iisatti jiranu yennaa dhage'e, \v 2 qachaan Giibe'onii akkuma qachoota moototaan bulanuu, qachaa gudda'aa fi qachaa Aayi caalaa guddaa, loltootille jajjaboo waan te'aneef, Adoonii-Zedeqii fi namooti isaa guddoo sodaatane. \v 3 Maarre Adoonii-Zedeq mootiin Yersaalemii, gara Hohaamii mootii Kebroonii, Fiiraamii mootii Yarmuutii, Yaafii'aa mootii Laakiishii, Deebirii mootii Egaloonii ergee, \v 4 «Worri Giibe'onii, Iyaasu'uu fi kolbaa Israa'elii woliin le'iisaaf waan wol gondooreef, kowa'a qachaa kana loliisa na qarqaara'a» jedhe. \v 5 Achiin duuba mootiin Yersaalemii, mootiin Kebroonii, mootiin Yarmuutii, mootiin Laakiishii, mootiin Egloonii, moototi Amoorotaa shanan kun loltoota ifii woliin ol bayanee, Giibe'on marsanee lolane. \p \v 6 Worri Giibe'onii gara Iyaasuu addee Giilgal jedhantutti qubateeruu ergatanee, «Moototi Amoorotaa worri biyya koobittii keessa le'u duudiin, nu loliisaaf waan wolitti qabamaneeranuuf, goottaa keenna nutti hin daaw'atin; dafii koyii nu qarqaar; nu hamburi» jedhane. \p \v 7 Tanaaf Iyaasuun loltoota ifii duudi'ii fi loltoota lolaan beekkamane woliin Giilgalii bayanee deemane. \v 8 Waaqi Iyaasu'uun, «Ani injifachaa waan sii kenneeruuf isaan hin sodaatin; isaan keessaa nami tokkolle si dura dhaabbatuu hin dande'u» jedhe. \v 9 Iyaasuun Giilgalii ka'ee halkan guutuu deemaa bulee dedhuma worra Amoorotaatitti dhufe. \v 10 Waaqi Amooroti Israa'eloota duratti gara itti goranu akka wollaalanu godhe; Israa'elooti Giibe'onitti isaan qalanee, worra hafelle karaa Bet-Horoonitti ol bawu irraa, haga qachaa Aazeqa'aatii fi qachaa Maqeda'aatitti ari'ane. \v 11 Worri Amoorotaa Israa'elootaan dura Bet-horoon irraa gad adoo baqatuu, haga Aazeqa'aatitti Waaqi gubbaa irraa dhakaa bokkeyaa gugurdaa isaanitti buuse; worra Israa'elooti shallaaga'aan ijjeesane caalaa, worra dhakaa bokkeyaatiin du'etti caala. \p \v 12 Guyyaa Waaqi worra Amoorotaa Israa'elootatti dabarsee kenne, Iyaasuun kolbaa Israa'elii dura dhaabbatee Waaqaan, \q1 «Adu'u, gaara Giibe'onii gubba'atti dhaabbadhu; \q2 Ji'a, dhooqa Ayalonii gubba'atti dhaabbadhu» jedhe. \p \v 13 Israa'elooti diinota ifii haga haluu bayanutti aduun dhaabbatte; jiinille adde'ee hin tachoone. Tunille kitaaba Yaashaar barreesse keessatti dhagganti. Aduun guyyaa san guutuu wodhakkaa gubbaa irratti dhaabbattee turte malee, seeniisaaf hin ariifanne. \v 14 Gaafas Waaqi Israa'elootaaf waan loleef, guyyaan Waaqi itti namaaf dhage'e ka akkasii tanaan qara yookiin duuba tokkolle te'ee hin beeku. \p \v 15 Achiin duuba Iyaasu'uu fi loltooti isaa duudiin, gara addee itti qubatanee Giilgalitti deebi'ane. \s1 Moototi Shanan Ijjeefamane \p \v 16 Moototi Amoorotaa Shanan baqatanee goda Maqeda'aa keessatti dhokatane. \v 17 Moototi Shanan tun goda Maqeda'aa keessatti akka dhokataneeranu Iyaasu'utti himame. \v 18 Iyaasuun, «Dhakaa gugurdaa afaan godaatitti gangalcha'aatii, namoota eeganu itti godha'a. \v 19 Isin ammoo achi hin turina'a. Diinota keessan ari'aatii duubaan isaan lola'a; Goottaan Waaqi keessan injifachaa waan isinii kenneeruuf, akka isaan qachoota ifiititti seenanu hin godhina'a» jedheen. \v 20 Iyaasu'uu fi Israa'elooti diinota ifii ijjeesane; worri gariin callaan qachaa ifii ka dalleenni itti ijaarame seenee hafe. \v 21 Achiin duuba namooti Iyaasu'uu duudiin nageyaan gara addee quttuma isaa Maqeda'atti deebi'ane. \p Nami lafa sanii tokkolle Israa'elootatti hin gamne. \p \v 22 Achiin duuba Iyaasuun, «Afaan godaa bana'aatii mootota shanan san achi keessaa gad baasa'aatii natti fida'a» jedhe. \v 23 Maarre isaan mootota shanan san mootii Yerusaalemii, mootii Kebroonii, mootii Yarmuutii, mootii Laakiishiitii fi mootii Egloonii goda keessaa gad baasanee gara isaa fidane. \v 24 Yennaa isaan mootota san gara Iyaasu'uu fidane, Iyaasuun namoota Israa'elii duudii waamee, ajajjoota woraanaa ta ifiitiin, «As kowa'aatii miila keessaniin morma mootota kanaa irra ijjadha'a» jedhe. Isaanille dhufanee miila ifiitiin morma mootota sanii irra ijjatane. \v 25 Iyaasuulle ajajjuu woraana ifiitiin, «Diinota keessan worra isin lolu'uuf jirtanu duudii Waaqi akkasuma waan godhuuf hin sodaatina'a; hin nayina'a, jabaadha'a jajjabaadha'a» jedheen. \v 26 Achiin duuba Iyaasuun mootota shanan san ijjeesee, muka shan gubba'atti fannise; reeffi isaaniille haga galgalaa achuma ture. \v 27 Aduun seenaartuun Iyaasuun reeffi mootota sanii mukoota itti fannifame irraa akka gad buufamuu fi goda isaan dur dhokatanee turanetti akka gatamu ajaje. Isaan dhakoota gugurdaa afaan godaa irra keyane; dhakooti sun haga adhaa achi jiran. \s1 Iyaasuun Lafa Amoorotaa Hedduu Qabate. \p \v 28 Iyaasuun gaafuma san Maqedaa qabatee, namoota qachaa san keessaatii fi mooticha qachaa sanii shallaaga'aan ijjeese; nama qachaa san keessaa tokkolle hin hamburre. Inni mootii Yeriko'oo akkuma godhe, mootii Maqeda'aalle godhe. \p \v 29 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu marti qachaa Maqeda'aatii gara qachaa Liibna'aa taranee qachaa san lolane. \v 30 Waaqi qachaa Liibna'aatii fi mootii qachaa sanii harka Israa'elootaatitti dabarsee kenne. Isaan namoota qachaa sanii ijjeesanee, nama tokkolle hin hamburre. Isaan mootii Yeriko'oo akkuma godhane, mootii Liibna'aalle godhane. \p \v 31 Achiin duuba Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin qachaa Liibna'aatii gara qachaa Laakiishii taranee marsanee lolane. \v 32 Lolli jalqabee guyyaa lammeesso'ootitti Waaqi qachaa Laakiishii harka Israa'elootaatitti dabarsee kenne; isaan akkuma qachaa Liibna'aa godhane, namoota qachaa Laakiishii keessa jiranu duudii shallaaga'aan ijjeesane. \v 33 Yennuma san Horaam mootiin Gezerii, kolbaa Laakiishi qarqaariisaaf dhufe; Iyaasuun ammoo Horaamii fi loltoota isaa injifate. Isaan keessaa nami tokkolle hin hanne. \p \v 34 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin qachaa Laakiishiitii ka'anee, gara qachaa Egloonii dhaqanee marsanee lolane. \v 35 Isaan gaafasuma qachaa san qabatanee, akkuma qachaa Laakiishii godhane namoota qachaa san keessa jiranu duudii ijjeesane. \p \v 36 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin Egloonii ka'anee ol bayanee qachaa Kebroonii lolane. \v 37 Isaan qachaa Kebrooniitii fi olloota qachaa sanii qabatanee, mootichaa fi namoota mara shallaaga'aan ijjeesane; akkuma qachaa Egloonii godhane qachaa Kebrooniille balleessanee, nami tokkolle hin hanne. \p \v 38 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin deebi'anee qachaa Deebirii lolane. \v 39 Isaan qachaa san, mootii qachaa saniitii fi ollaa cinaa qachaa sanii duudii qabatanee, namoota qachaa san keessaa mara balleessane; nami tokkolle hin hanne. Akkuma Kebroon, Liibna'aa fi mootii isi'ii godhane, Deebirii fi mootii isi'iille akkasuma godhane. \p \v 40 Maarre Iyaasuun lafa duudii, biyya koobittii, goodda gara aduun baatuutii fi biyya kooba jalaa, akkasuma biyya goomolee kibba Kana'aanii\f + \fr 10:40 \fr*\fqa Kibba Kana'aanii: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin Negeb \fqa*\ft Jedha. \ft*\f*, mootota isaanii mara injifate. Inni akkuma Goottaan Waaqi Israa'elii ajaje nama duudii balleessee, nami tokkolle hin hanne. \v 41 Iyaasuun Qaadesh Barne'aan haga Gaaza'aa, adaala lafa Gooshenii duudii dabalatee haga qachaa Giibe'onii injifate. \v 42 Goottaan Waaqi Israa'elii kolbaa Israa'eliitiif waan loleef, Iyaasuun mootota tana duudi'ii fi lafa isaanii yennuma takka'aan qabate. \v 43 Achiin duuba Iyaasuun Israa'eloota isa woliin jiranu duudii woliin quttuma Giilgaliititti deebi'ane. \c 11 \s1 Moototi Kaaba Kana'aanii Injifatante \p \v 1 Yaabiin mootiin Hazoorii kolbaan Israa'elii akka injifatte yennaa dhage'e, gara Yobaabii mootii Maadonii, gara mootota Shimrooniitii fi Akshaafii, \v 2 gara mootota biyya koobittii kaabaa, gara mootota dhooqa laga Yordaanosii kibba Abbaayaa Galiila'aa jiranuu, gara mootota kooba jalaatii fi mootota biyya koobittii Door jedhantuu, ta gara aduun seentuun cinaa abbaaya'aatitti dhaggantuu dhaansa erge. \v 3 Akkasuma gara Kana'aanota baya adu'uutii fi seensa adu'uu jiranuu, gara Amoorotaa, gara Hiiwotaa, gara Pheriizotaa, gara Yibusootaatii fi Hiiwota worra biyya Miisphaa keessa kooba Hermoon jala jiranuu dhaansa erge. \v 4 Isaan loltoota ifii worra akka maansa irga abbaaya'aa hedduu, fardo'oo fi garreettaa fardo'oon harkifamu hedduu woliin dhufane. \v 5 Moototi tun duudiin loltoota ifii wolitti gurmeeffatanee, Israa'eloota loliisaaf bisaan Meromii bira qubatane. \p \v 6 Waaqille Iyaasu'uun, «Isaan hin sodaatin. Ani boru yennaa tana isaan mara harka Israa'elootaatitti dabarsee kennee, akka qalamanu godha. Ati mogolee fardoo isaanii mogolchiitii, garreettaa isaanii ka fardoole'een harkifamulle ibiddaan guggubi» jedheen. \v 7 Maarre Iyaasu'uu fi loltoota isaa duudiin dedhuma bisaan Meromii biratti isaan lolane. \v 8 Waaqille harka Israa'elootaatitti dabarsee isaan kenne. Israa'elooti isaan lolanee haga Sidoonii gudditti'ii, haga Misrefot-Maayimii, karaa aduun baatu haga dhooqa Miispha'aa ari'ane. Nyaapha isaanii keessaa nami tokkolle adoo hin hafin fixane. \v 9 Iyaasuun akkuma Waaqi isa ajaje godhe; inni fardoo isaanii mogolchee, garreettaa isaanii ka fardo'oon harkifamulle guggube. \p \v 10 Yennaa san Iyaasuun gara duubaatitti deebi'ee qachaa Hazoorii qabatee, mootii qachaa saniille shallaaga'aan ijjeese. Qachaan Hazoorii dur mootummaa san duudi'iif qachaa guddicha. \v 11 Isaan worra achi keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne; qachaan Hazoorii gubate. \p \v 12 Akkuma Muuseen tajaajilaan Waaqaa ajaje, Iyaasuun qachoota sanii fi mootota qachaa sanii duudii qabatee, namoota duudii shallaaga'aan ijjumaa balleesse. \v 13 Ammoo qachaa Hazoorii ka Iyaasuun gube qofa malee, Israa'elooti qachoota addee dur diigame irratti ijaaramane keessa tokkolle hin gunne. \v 14 Israa'elooti waan bu'aa qabu duudi'ii fi horii qachaa san keessaa duudii fudhatanee ka ifii godhatane. Namoota qachaa san keessa jiranu duudii ammoo shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne. \v 15 Waaqi Muusee tajaajilaa ifii akkuma ajaje, Muuseen Iyaasuu ajaje; Iyaasuulle ajajameef. Iyaasuun waan Waaqi Muusee ajaje mara huje malee, tokkolle hin hamburre. \s1 Biyya Iyaasuun Qabate \p \v 16 Iyaasuun lafa duudii biyya koobittii, biyya kooba jalaa, biyya goomolee kibba Kana'aanii, biyya Gooshenii duudii, biyya gammoojjittii, dhooqa laga Yordaanosii, biyya koobittii Israa'eliitii fi gammoojjii isi'ii qabate. \v 17 Iyaasuun gaara Halaakii ka gara Se'iirii\f + \fr 11:17 \fr*\fqa Se'iir: \fqa*\ft Edoomille hin jedhama.\ft*\f* ol ka'u irraa haga Ba'aal-Gaadii gaara Hermooniitiin jala, dhooqa Libaanonii keessaa qabatee, mootota isaanii duudii shallaaga'aan ijjeese. \v 18 Iyaasuun mootota tana duudii yennaa hedduu loleera. \v 19 Hiiwota worra qachaa Giibe'onii keessa le'u malee, qachaan tokkolle Israa'elootaan wolii galtee nageyaa hin qabu. Worri dhibiin marti lolaan injifatamanee qabamane. \v 20 Akka isaan Israa'eloota woliin wol lolanu, Waaqi mataa jabeeyyii isaan godhe; tanaaf ijjumaa akka badanu isaanitti murantee marartii malee ijjeefamane; kun ajaja Waaqi Muuse'eef kenne. \p \v 21 Iyaasuun yennaa san biyya koobittii, Kebroonii, Deebirii, Aanaabii, biyya koobittii Yihuda'aa maraa fi biyya koobittii Israa'elii maralle dhaqee Aanaaqota bibbineeyyii qachoota isaanii woliin ijjumaa balleesse. \v 22 Aanaaqota garii qofatti Gaazaa, Gaatii fi Ashidood keessatti hafe malee, lafa Israa'elootaa keessatti Aanaaqoti tokkolle hin hanne. \v 23 Iyaasuun akkuma Waaqi Muusee ajaje, lafa san guutumatti qabatee, akka qooda gosa gosa isaaniititti Israa'elootaaf dhaala godhee kenne. \p Achiin duuba kolbaan woraana irraa foorfatte. \c 12 \s1 Mootota Muuseen Injifate \p \v 1 Lafa Yordaanosii irraa gara aduun baatu, dhooqa Aaroniitii haga gaara Hermoonii, dhooqa laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu duudii moototi Israa'elooti injifatte isaan kana: \v 2 Mootiin Amoorotaa Sihoon qachaa Heshiboonii keessa le'ee, qachaa Aro'erii ka irga dhooqa Aarnonii, dhooqa san keessa wodhakkaa Giil'aadiitii kaasee, haga laga Yaaboqii meessaa ilmaan Amooniititti, \v 3 gara aduun baatu dhooqa laga Yordaanosii irraa haga Abbaayaa Kenerootitti, karaa Bet-Yeshiimootittille'een haga Abbaayaa Arabaayiitii fi Abbaayaa sooddaa, karaa kibbaatiin haga goodda gaara Phiisga'aa bulche. \p \v 4 Akkasuma worra Refaa'otaa keessaa ka hafe Oogii mootii Baashaanii, qachaa Ashitaarotiitii fi Edraayin keessa le'ee ka bulche. \v 5 Lattii mootummaa isaa gaara Hermoonii, Saalkaanii, lafa Baashaanii duudii irraa haga meessaa Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa, wodhakkaa Giil'aadiitii haga meessaa Sihoonii mootii Heshiboonii ti. \p \v 6 Moototi lamaan sun Muusee tajaajilaa Waaqaatii fi kolbaa Israa'eliitiin injifatamane. Muuseen tajaajilaan Waaqaa lafa isaanii gosa Ruubeniitii fi gosa Gaadiitiif, akkasuma gosa Minaase'ee gamisaaf dhaala kenne. \s1 Mootota Iyaasuun Injifate \p \v 7 Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii, mootota Yordaanosii irraa gara aduun seentuu, Ba'aal-Gaadi dhooqa Libaanonii keessaatii haga gaara Halaakii ka gara Se'iiriititti ol ka'u injifatane. Iyaasuun lafa san akka qooda gosa gosa isaaniititti lafa isaanii kenne. \v 8 Biyyi inni isaaniif kenne biyya koobittii, biyya koobaan jalaa ta gara aduun seentuu, dhooqa laga Yordaanosii, biyya goodda gaaraa, biyya goomole'eetii fi biyya kibba Kana'aanii, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Kana'aanotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Hiiwotaatii fi biyya Yibusootaa ti. \v 9 Kolbaan Israa'elii mootota qachoota asii gadii injifatte: mootii Yeriko'oo, mootii Aayi ka Bet'el cinaa jiru, \v 10 mootii Yerusaalemii, mootii Kebroonii, \v 11 mootii Yarmuutii, mootii Laakiishii, \v 12 mootii Egloonii, mootii Gezerii, \v 13 mootii Deebirii, mootii Gederii, \v 14 mootii Hormaa, mootii Araadii, \v 15 mootii Liibna'aa, mootii Adulaamii, \v 16 mootii Maqeda'aa, mootii Bet'elii, \v 17 mootii Taafu'aa, mootii Heferii, \v 18 mootii Afeqii, mootii Lashaaronii, \v 19 mootii Maadonii, mootii Hazoorii, \v 20 mootii Shimroon-Meronii, mootii Akshaafii, \v 21 mootii Ta'anaa, mootii Megidoo, \v 22 mootii Qedeeshii, mootii Yoqnaamii ka gaara Qarmelosii, \v 23 mootii Doorii ka kooba Doorii gubba'aa, mootii qachaa Go'iimii ka lafa Galiila'aatii fi \v 24 mootii Tiirza'aa ti; wolumatti mootota soddomii tokko. \c 13 \s1 Lafa Hin qabatamin Jirtu \p \v 1 Yennaa Iyaasuun guddoo dulloome Waaqi isaan, «Ati guddoo dulloonteerta; lattii haga ammaa hin qabamin jirtu ammoo baca'a. \p \v 2 «Lattii hin qabamin jirtu, lafa Filisxeemotaatii fi lafa Geshuurotaa, \v 3 laga Shiihorii ka Gibxii gara aduun baatu jiruu ka'ee haga meessaa kaaba Eqroonii jiranu duudiin akka lafa Kana'aaniititti laakkowamane; tunille lafa mootota worra Filisxeemotaa shanan, Gaazaan, Ashidood, Ashiqalon, Gaat, Eqroonii fi Aawoti. \v 4 Gara kaabaatiin, lafa Kana'aanotaa duudi'ii fi qachaa Ara'aa ka worra Sidoonotaatii haga qachaa Afeqii ka meessaa Amoorotaa ti. \v 5 Akkasuma lafa Geblootaa, Libaanon gara aduun baatu duudii, Ba'aal-Gaadi gara kibba gaara Hermooniitiin haga karaa Haamaatii ti. \p \v 6 «Worra biyya koobittii keessa le'u Libaanonii haga Misrefot-Maayimiititti, worra Sidoonii duudii ani Israa'eloota duraa hin ari'a. Ati ammoo akkuma ani si ajaje lafa san Israa'elootaaf qoodi. \v 7 Lafa tanalle gosa sagalii fi gosa Minaase'ee gamisaaf dhaala akka te'u qoodi» jedhe. \s1 Qoodama Lafaa \p \v 8 Gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gosi Minaase'ee gamisi kuun, lafa Muuseen tajaajilaan Waaqaa isaaniif kenne duraanuu fudhataneeran. Latti sun laga Yordaanosiitiin gara aduun baatu. \v 9 Latti isaanii Aro'erii qarqara dhooqa Aarnoniitii jalqaddee, qachaa wodhakkaa dhooqa san keessa jirtulle, lafa gooroo Medebaatii haga Diibonii, \v 10 qachoota Sihooniin mootiin Amoorotaa, Heshiboon keessa tee'ee bulchaa ture duudii, haga meessaa Amoonotaa, \v 11 Giil'aad irraa haga meessaa worra Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa, gaara Hermoonii duudii, Baashaan irraa haga Salekaahii, \v 12 lafa mootummaa Oogii mootii Baashaanii, ka baraaree worra Refaa'otaa, qachaa Ashitaarotiitii fi Edraayii keessa le'ee bulchaa turelle dabalatti. Muuseen worra kana duudii injifatee lafa isaanii keessaa isaan baase. \v 13 Teetuu malee Israa'elooti worra Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa lafa keessaa hin baanne; isaan haga ammaa Israa'eloota keessa le'an. \p \v 14 Akkuma Waaqi Muusee ajaje, ciincaan Goottaa Waaqa Israa'eliitiif addee ciinca'aa irratti ciinceffamu dhaala gosa Lewwi'ii waan te'eef, Muuseen sanyii Lewwi'iitiif lafa dhaalaa hin kennine. \v 15 Muuseen gosa Ruubeniitiif akka maatii maatii isaaniititti dhaala isaaniif kenne. \v 16 Latti isaanii Aro'erii qarqara dhooqa Aarnonii irraa qachaa wodhakkaa dhooqa san keessa jiruun haga lafa gooroo adaala Medeba'aa ti; \v 17 akkasuma Heshiboonii fi qachoota gooroo irraa mara: Diibon, Baamot-Ba'aal, Bet-Ba'aal-Me'on, \v 18 Yaahaz, Qedemoot, Mefaat, \v 19 Kiriiyat-Aayim, Siibmaa, Zeraat-sherhaar ka kooba dhooqa keessaa, \v 20 Bet-phe'or, goodda Phiisga'aa, Bet-Yeshiimoot, \v 21 qachoota gooroo irraa mara, lafa mootummaa Sihoonii mootii Amoorotaa ka Heshiboon keessa le'ee bulchaa turee ti. Muuseen mooticha Sihoon, sooreyyii worra Miidiyaaniitii fi worra biyya san jiru Ewii, Reqem, Zuur, Huur, Rebaa worra Sihoon woliin jiru injifate. Worri kun duudiin Mooticha Sihooniin jalatti lafa bulchane. \v 22 Worra Israa'elooti ijjeesane keessaa tokko morticha Bala'aamii ilma Phe'orii ti. \v 23 Meessaan gosa Ruubenii gara aduun seentuun laga Yordaanosii ti. Qachootaa fi ollooti kun gosa Ruubeniitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa isaanii ti. \p \v 24 Latti Muuseen ammalle gosa Gaadiitiif akka maatii maatii isaaniititti dhaala kenne: \v 25 Lafa Yaazerii, qachoota Giil'aadii duudii, lafa Amoonotaa gamisa, haga Aro'erii lafa Raabaa irraa gara aduun baatu jirtu, \v 26 Heshiboon irraa haga Raamaat-Miispha'aatii fi Betoniimii, Mahanaayim irraa haga meessaa Deebirii, \v 27 dhooqa Yordaanosii keessa qachoota mootummaa Sihoonii mootii Heshibooniitiif hafane Bet-Haraam, Bet-Niimraa, Suukootii fi Zaafon. Meessaan qachoota kanaa gara aduun seentuun laga Yordaanosii yennaa te'u, gara kaabaatiin haga Abbaayaa Galiila'aa\f + \fr 13:27 \fr*\fqa Abbaayaa Galiila'aa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Abbaayaa Kiineretii \fqa*\ft jedha.\ft*\f* ti. \v 28 Qachootaa fi ollooti kun gosa Gaadiitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa isaaniif kenname. \s1 Muuseen Gosa Minaase'ee Gamisaaf Lafa Kenne \p \v 29 Muuseen gosa Minaase'ee gamisaaf akka maatii maatii isaaniititti lafa isaanii kenne. \v 30 Latti isaanii Mahanaayimii haga lafa mootummaa Oogii mootii Baashaanii, Baashaan duudii, qachoota jaatama ka Yaa'iirii lafa Baashaanii keessa jiru mara, \v 31 lafa Giil'aadii gamisa, Ashitaarotii fi Edraayii qachoota Oog mootii Baashaanii ti. Qachooti kun duudiin ka Maakiirii ilma Minaase'ee te'anee, gamisa ilmaan Maakiiriitiif akka maatii maatii isaaniititti isaaniif kennamane. \p \v 32 Muuseen Yerikoo gara aduun baatuun Yordaanosiin gama, dirree Mo'aabii yennaa jiru, latti inni isaanii qoode tana. \v 33 Goottaan Waaqi Israa'elii akkuma isaanii waadaa gale, inninuu lafa isaanii waan te'eef, Muuseen gosa Lewwi'iitiif lafa hin kennine. \c 14 \s1 Qoodama Lafa Yordaanos Irraa Gara Aduun Seentuu \p \v 1 Latti Kana'aanii ta Yordaanos irraa gara seensa adu'uu ta hayyichi Ele'azaar, Iyaasuun ilmi Nuniitii fi sooreyyiin maatii gosoota Israa'elii, Israa'elootaaf qoodde ta asii gad jirtu. \v 2 Lafa san akka Waaqi Muusee ajajetti laga Yordaanosiitiin gara seensa adu'uu gosa sagalii fi gosa gamisaaf hixaa buusanee qoodane. \v 3 Muuseen lafa laga Yordaanosiitiin gara aduun baatuu gosa lamaa fi gamisa gosaatiif kenneeraayyu. Gosa Lewwi'iitiif ammoo lafa hin kennine. \v 4 Ilmaan Yoseefii, Minaase'ee fi Efreem gosa lama te'ane; gosa Lewwi'iitiif ammoo qachoota keessa le'anuu fi lafa horii itti bobbaafatanu malee, latti isaaniif hin kennanne. \v 5 Israa'elooti akkuma Waaqi Muusee ajajetti lafa san qoodamane. \s1 Kebroon Kaalebiif Kennante \p \v 6 Gaafa tokko gosa Yihuda'aa keessaa namooti Giilgalitti gara Iyaasu'uu dhufane. Isaan keessaa tokko Kaalebiin ilmi Yofunee Qenazichaa, Iyaasu'uun, «Waan Waaqi Qaadesh-Barne'aatti marroo teetii fi tiyya Muusee nama Waaqaatitti dubbate hin beetta. \v 7 Yennaa Muuseen tajaajilaan Waaqaa, Qaadesh-Barne'aa gara Kana'aanii dhaqee akka dooyuuf na erge, ani nama woggaa afurtamaa ti; ani deebi'ee gabaassa addachiisaa isatti himeera. \v 8 Namooti na woliin dooyiisa dhaqane kolbaa teenna sodaachisanee sheephisiisane; ani ammoo Goottaa Waaqa kiyyaaf addatamumma'aan ajajameera. \v 9 Gaafuma san Muuseen, ‹Goottaa Waaqa kiyya gadhaa keeti tokkochaan waan hordotteef, latti ati irra ijjattu bara baraan si'ii fi ijoollee teetiif teeti› jedhee waadaa naaf galeera. \p \v 10 «Amma kunoo, Waaqi akkuma woggaa afurtamii shaniin dura Israa'elooti goomolee keessa deemiisatti adoo jiranuu Muuse'etti dubbate eegee na jiraachiseera. Amma ani nama woggaa saddeettamii shanii ti. \v 11 Ani akkuma gaafa Muuseen na erge sanii jaba'a. Ani adhalle loliisaaf, bayiisaa fi galiisaafille akkuma durii jaba'a. \v 12 Amma yoona, biyya koobittii Waaqi gaafa san waadaa naaf gale naa kenni. Worri Aanaaqotaa bibbineeyyiin akka achi jiranu, qachooti isaaniille dalleya dhaka'aa jabaa akka qabu dhageetteerta. Ammoo Waaqi yoo na qarqaare akkuma inni jedhe ani achi keessaa isaan hin baasa» jedhe. \p \v 13 Iyaasuun, Kaalebii ilma Yofunee eebbisee qachaa Kebroonii lafa isaa godhe kenneef. \v 14 Kaalebiin ilmi Yofunee Qenazichaa, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif gadhaa tokkoon waan ajajameef, qachaan Kebroonii haga adhaa lafa sanyii isaa te'e. \v 15 Maqaan qachaa Kebroonii dur, «kiriiyat-Arbaa» jedhama; «Arbaa» ka jedhamu kun worra Aanaaqotaa keessaa nama guddaa ture. \p Achiin duuba latti nageya dhaggatte. \c 15 \s1 Lafa Gosa Yihuda'aatiif Kennante \p \v 1 Gosa Yihuda'aatiif akka maatii maatii isaaniititti latti haga lafa meessaa Edoomii, gara goomolee Ziiniitiin haga dhuma meessaa kibbaa jirtu kennanteef. \v 2 Meessaan Yihuda'aa ka kibbaa dhuma kibba Abbaayaa Sooddaa irraa jalqabee, \v 3 Qiiqqee makkaatiin gara Ziiniititti dabaree, Qaadesh-Barne'aa irraa gara kibbaatitti deemee, Hezronitti dabaree haga Hadarii geyee, gara Qarqa'aa deebi'a. \v 4 Gara Azmooniille dabaree haga laga Gibxi'ii deemee, Abbaayaa Mediteraaniya'aa geyee dhaabbatta. Meessaan gosa Yihuda'aa gara kibbaatiin kana. \p \v 5 Karaa aduun baatuun meessaan lafa isaanii dhuma Abbaayaa Sooddaa irraa ka'ee, haga dhuma laga Yordaanosii ti. \p Meessaan gara kaabaa, hullufa Abbaaya'aa dhuma laga Yordaanosii irraa jalqabee, \v 6 gara Bet-Hoglaa ol dhaqee kaaba Bet-Arabaa irra bayee, haga dhakaa Bohanii ilma Ruubenii deema. \v 7 Akkasuma dhooqa Akorii irraa haga Deebirii dhaqee, karaa kaabaatiin gara Giilgalii kibba fuullee Adumiimii dhooqa Akorii irraa gara kibbaa dhaggantutti deebi'a. Ittille dabalee laga En-Shemeshii irra bayee laga En-Rogeeliititti dhaabbata. \v 8 Achiin duuba meessaan kun dhooqa ilma Hiinomii keessa bayee gara goodda kibbaatiin, qachaa Yibusootaa Yerusaalemiin baya; achii ka'ee kooba Hiinomii irraa gara aduun baatuu gubbaa bayee, haga dhuma kaaba dhooqa Refaamii ti. \v 9 Kanaan duuba gubbaa koobaa irraa gara laga Nefto'aa, achi irraa gara qachoota gaara Eferonii bira dhufee gara Baalaa ka Kiriiyat-Ya'ariim jedhamuutitti deebi'a. \v 10 Baalaa irraa gara aduun seentuun gara kooba Se'iirii marfata; gara kaabaatiin goodda gaara Ya'ariimii ka Kesaalon jedhamu irraa gara Bet-shemeshii dhaqee Tiimna'atti dabara. \v 11 Gara kaabaatille'een gara goodda Eqroonii dhaqee gara Shiqeroonii deebi'ee, gara gaara Baalaa dabaree Yaabnel dhaqee, Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. \v 12 Meessaan gara aduun seentuu irga Abbaayaa Mediteraaniya'aa ti. \p Kolbaan Yihuda'aa akka maatii maatii isi'iititti meessaa kana keessa leete. \s1 Kaaleb Kebroonii fi Deebir Qabate \r (Abo. 1:11-15) \p \v 13 Akkuma Waaqi ajaje Iyaasuun, lafa kolbaa Yihuda'aa keessaa kiriiyat-Arbaa ta «Kebroon» jedhantu, Kaalebii ilma Yofune'eetiif kenne. Arbaan abbaa Aanaaqotaa ti. \v 14 Kaaleb sanyii Aanaaqota sad Sheshaay, Ahimaanii fi Talmaayin Kebroon keessaa ari'e. \v 15 Achii ka'ee worra Deebir\f + \fr 15:15 \fr*\fqa Deebir: \fqa*\ft Dur Kiriiyat-Sefer jedhama.\ft*\f* keessa le'u loliisaaf dhaqe. \v 16 Kaaleb, «Nama qachaa Seferii lolee qabatuuf intala tiyya ta ‹Aksaa› jedhantu isa hin heerumsiisa» jedhe. \v 17 Otnii'el ilmi Qenazii obboleessi Kaalebii qachaa san lolee qabate; Kaalebille intala ifii Aksaa isa heerumsiise. \v 18 Otnii'el gaafa fuudhaa fi heeruma isaanii akka isiin abbaa ifii irraa fichaa gaafattu itti gorse.\f + \fr 15:18 \fr*\fqa Itti gorse: \fqa*\ft Kitaaba abbootii mura'aa 1:14 keessatti Barreeffam Hibru'uu isiin isa gorsite jedha.\ft*\f* Yennaa isiin harree irraa baatee Kaaleb, «Maan feeta?» jedhee isii gaafate. \v 19 Isiin deebittee, «Latti ati naaf kennite biyya gammoojji'ii keessa waan teeteef, baleessa bisaaniille akka naaf kennitu barbaada» jette. Maarre Kaaleb baleessa bisaanii ka oliitii fi ka gadii kenneef. \s1 Qachoota Yihuda'aa \p \v 20 Latti gosi Yihuda'aa akka maatii maatii isaaniititti fudhatane ta asii gad jirtu. \v 21 Qachooti gosa Yihuda'aa gara kibbaatiin dhuma meessaa Edoomiititti aananee jiranu, Kabze'el, Eder, Yaagur, \v 22 Qiinaa, Diimonaa, Araadaa, \v 23 Qedeesh, Hazoor, Iitnaan, \v 24 Ziif, Telem, Ba'aalot, \v 25 Hazoor-Hadootaa, Keriyot-hezron kun «Hazoor» jechu'u; \v 26 Amaam, Shemaa, Molaadaa, \v 27 Hazaar-Gadaa, Heshimon, Bet-phaalex, \v 28 Hazaar-shu'aal, Bersheebaa, Biziyutiiyaa, \v 29 Ba'aalaa, Eyim, Azem, \v 30 Eltolaad, Kesil, Hormaa, \v 31 Siiqlaag, Madmaanaa, Sansanaa, \v 32 Lebaa'ot, Shilhim, En-Rimoon; wolumatti qachoota gugurdaa diddamii sagalii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata. \p \v 33 Qachooti gugurdaan kooba jalaa Eshtaa'ol, Zoraa, Ashnaa, \v 34 Zaano'aa, En-Gaaniim, Taafu'aa, Enaam, \v 35 Yarmuut, Adulaam, Sokoo, Aazeqaa, \v 36 Sha'araayim, Adiitaayim, Gederaa, Gederotaayim, wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii afurii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata. \p \v 37 Akkasuma Zenaan, Hadashaa, Migdaal-Gaadi, \v 38 Dil'aan, Miisphaa, Yaaktii'el, \v 39 Laakiishi, Bozqaat, Egloon, \v 40 Kaabon, Lamaas, Kiitliishi, \v 41 Gederot, Bet-Daagon, Na'aamaa fi Maakedaa, wolumatti qachoota gugurdaa kudha jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata. \p \v 42 Akkasuma Liibnaa, Eter, Ashaan, \v 43 Yiftaa, Ashnaa, Neziib, \v 44 Qeyilaa, Akziibii fi Maareshaa, wolumatti qachoota gugurdaa sagalii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata. \p \v 45 Eqroon, qachootaa fi olloota ifii woliin; \v 46 Qachoota Ashoodi biraa duudii, ka Eqroon irraa haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa jiranu, qachoota gugurda'aa fi olloota adaala isaanii woliin; \p \v 47 Ashidoodii fi Gaazaa, qachootaa fi olloota isaanii woliin haga meessaa laga Gibxi'iitii fi irga Abbaayaa Mediteraaniya'aa. \p \v 48 Biyya koobittii keessa Shaamiir, Yaatiir, Sokoo, \v 49 Daanaa, Kiriiyat-Sanaa ka «Deebir» jedhamu, \v 50 Anaab, Eshtemo'aa, Aniim, \v 51 Gooshen, Holoonii fi Giloo, qachoota kudha tokkoo fi qachoota adaala sanii wolitti qabata. \p \v 52 Araba, Dumaa, Esh'an, \v 53 Yaanum, Bet-taafu'aa, Afeqaa, \v 54 Humtaa, Kiriiyaat-araba ta Hebroon jedhantu, Zi'or qachoota gugurdaa kudhanii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata. \p \v 55 Maa'on, Qarmelos, Ziif, Yutaa, \v 56 Yizre'el, Yarke'am, Zaano'aa, \v 57 Qaayin, Giibe'aa fi Tiimnaa, qachoota gugurdaa kudhanii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata. \p \v 58 Halhul, Bet-Zuur, Gedoor, \v 59 Maaraat, Bet-Anoot, Elteqon, qachoota gugurdaa jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata. \p \v 60 Kiriiyaa-Ba'aal ka «Kiriiyat-Ya'ariim» jedhamu, Raabaa, qachoota gugurdaa lamaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata. \p \v 61 Goomolee keessa ammoo Bet-Arabaa, Mediin, Sekaakaa, \v 62 Nibishaan, qachoota gugurdaa sooddaa fi En-Gedii, qachoota gugurdaa jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata. \p \v 63 Kolbaan Yihuda'aa ammoo Yibusoota Yerusaalem keessa le'anu ari'uu hin dandeenne. Worri Yibusootaa haga ammaa Yerusaalem keessa jiran. \c 16 \s1 Lafa Gosa Efreemiitii Fi Minaase'eetiif Kennante \p \v 1 Meessaan lafa sanyii Yoseefiitiif kenname gara kibbaatiin laga Yordaanosii cinaa Yeriko'oo, madda Yeriko'oo ka gara aduun baatuutii ka'ee, gara goomole'ee dhaqee haga lafa koobittii Bet'eliititti deema. \v 2 Bet'elii ka'ee gara Luzii dhaqee, addee Arkaawoti le'anu Ataaroot-Adaaritti dabara. \v 3 Achiin duuba gara aduun seentuun lafa Yaaflexootaatitti goree, cinaa Bet-horoonii jalaatiin dabaree, gara Gezerii dabaree Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. \p \v 4 Sanyiin Yoseefii, gosi Efreemiitii fi Minaase'ee lafa ifii fudhatane. \p \v 5 Latti gosi Efreemii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane tana: meessaan isaanii gara aduun baatu Ataarot-Adaar irraa haga Bet-Horoonii gaara irraa deemee, \v 6 haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa ti. Gara kaabaatiin meessaan isaanii Mikmaata'a. Achille'ee gara aduun baatuun Taanaat-Shiilo'otti deebi'ee, gara aduun baatu Yaano'atti dabara. \v 7 Achiin duuba Yaano'aa irraa gara Ataarotii fi Na'aaratitti gad deemee, Yerikoo geyee Yordaanositti dhaabbata. \v 8 Taafu'aa irraa ka'ee gara aduun seentuun laga Qaanaa dhaqee, Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. Latti gosa Efreemiitiif akka maatii maatii isaaniititti kennante tana. \v 9 Tunille qachootaa fi olloota lafa gosa Minaase'ee keessaa, ta gosa Efreemiitiif kennante dabalatti. \v 10 Worri Efreemotaa ammoo worra Kana'aanotaa ka Gezer keessa le'anu achii ari'iisa hin dandeenne; tanaaf worri Kana'aanotaa haga adhaalle odduu isaanii le'aa akka garbootaa akka isaaniif hujanu hunnaan tolfamane. \c 17 \s1 Lafa Gosa Minaase'ee Gamisaaf Kennante \p \v 1 Gosi Minaasee ilma Yoseefiif angafichaa, sanyiin Maakiirii ilma angaficha Minaasee abbaa Giil'aadotaa, lolaan jajjaboo waan te'aneef, latti Giil'aadiitii fi Baashaanii isaaniif kennante. \v 2 Latti gara aduun seentuu maatii Minaase'ee worra hafeef, Abii'ezer, Helek, Asrii'el, Sheekem, Heferii fi Shemeda'aa kennante. Isaan kun sooreyyii maatii ilmaan sanyii Minaasee ilma Yoseefii ti. \v 3 Zelofehaad ilma Heferii ti; Hefer ilma Giil'aadii ti; Giil'aad ilma Maakiirii ti; Maakiir ilma Minaase'ee ti. Zelofehaad durra malee, ilmaan hin qabu. Maqaan isaaniille Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilka'aa fi Tiirza'a. \v 4 Isaan gara hayyicha Ele'azaarii, Iyaasuu ilma Nuniitii fi sooreyyi'ii dhaqanee, «Muuseen akka obboleeyyan teenna ta firaatitti, lafa akka nuuf kennu Waaqi isa ajajeera» jedhane. Tanaaf akka Waaqi ajajetti isaan obboleeyyan firaa woliin lafa fudhatane. \v 5 Sababi Minaaseen lafa Baashaaniitii fi Giil'aadii ta laga Yordaanos irraa gara aduun baatu jirtutti dabalatee qooda kudhan fudhateef, \v 6 dubartooti sanyii isaa akkuma sanyii ilmaan dhiiraa lafa waan fudhatteef, latti Giil'aadii sanyii Minaase'eetiif kennante. \p \v 7 Latti Minaase'ee Asheerii kaatee, haga Mikmaataatii ta Sheekem irraa gara aduun baatuu ti. Achiin duuba meessaan gara kibbaa deemee kolbaa En-Taafu'aa keessa leetu dabalata. \v 8 Latti adaala Taafu'aa ta Minaase'ee teetee, qachaan Taafu'aa ka meessaa irra jiru ammoo ka sanyii Efreemii te'e. \v 9 Achiin duuba meessaan haga laga Qaana'aa gad bu'a. Qachooti laga san irraa gara kibbaatitti dhaggamanu, biyya Minaase'ee keessa te'ulle ka Efreemii ti. Meessaan Minaase'ee gara kaaba lagaa dhaqee Abbaayaa Gudditti'itti dhaabbata. \v 10 Meessaan isaanii gara aduun seentuun abbaayaa Mediteraaniya'aa te'ee, latti gara kibbaa ta Efreemii, ta gara kaabaa ta Minaase'ee ti. Meessaan gara kaabaa lafa Asheeriititti dhaabbata; gara aduun baatuun lafa Yisaakoriititti dhaabbata. \v 11 Biyyi Yisaakorii fi Asheer keessaa Bet-Shaanii fi ollooti isi'ii, Yible'aamii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Dooriitii\f + \fr 17:11 \fr*\fqa Qachaa Doorii: \fqa*\ft Yookiin \ft*\fqa Naafoti Door \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Endooriitii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Ta'anaatii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Megidootii fi ollooti isi'ii duudiin ka Minaase'ee te'ane. \v 12 Teetuu malee kolbaan Minaase'ee qachoota san qabatuu hin dandeenne; tanaaf worri Kana'aanotaa achuma keessa le'ane. \v 13 Israa'elooti jajjaboo te'anulle, Kana'aanoti akka hunnaan isaaniif hujanu godhane malee, ijjumaa lafa sanii isaan hin ariine. \s1 Sanyiin Yoseefii Lafa Dabalataa Gaafatte \p \v 14 Sanyiin Yoseefii, Iyaasu'uun, «Waaqi waan nu eebbiseef, nuuti heddu'u; ati maaf qooda tokko callaa nuuf kennite?» jedhane. \p \v 15 Iyaasuun deebisee, «Isin hedduu eega teetane, biyyi koobittiin Efreemii yoo isinitti dhiphatte, gara lafa Pheriizotaatii fi Refaa'otaa dhaqa'aatii gongomaa anadha'a» jedheen. \p \v 16 Isaan deebisanee, «Latti koobittiin sun nu hin geettu; Kana'aanoti lafa dirree irra le'anuu fi worri Bet-Shaanii fi ollooti adaala sanii ka dhooqa Yizre'elii keessa le'anu ammoo garreettaa sibiilaa\f + \fr 17:16 \fr*\fqa Garreettaa sibiilaa: \fqa*\ft Worri sun bara san garreettaa kana lolaaf itti fayyadaman.\ft*\f* ka fardo'oon harkifamu qaban» jedhane. \p \v 17 Iyaasuun gosa Efreemiitii fi gosa Minaase'ee ka gara aduun seentu jiranuun, «Isin dhugumaan heddu'u; guddoo jajjaboole'e. Qoodi tokko callaan isin hin gewu. \v 18 Tanaaf biyyi koobittiin teessan hin teeti. Koobi sun gongomaa teetulle anadha'aatii, qacce'ee jalqabaatii haga qaccee dhumaatitti lafa teessan godhadha'a. Worri Kana'aanotaa garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu qabaatee, jajjaboo te'ulle isin isaan hin ariitan» jedhe. \c 18 \s1 Qoodama Lafa Hattee \p \v 1 Israa'elooti injifatanee lafa qabataneen duuba, wolde'i gumii Israa'elii duudiin Shiilo'otti wolitti qabamee, dunkaana itti Waaqa wolde'anu dhaabane. \v 2 Kolbaa Israa'elii keessaa gosi torba haga ammaalle qooda lafa ifii ka hin dhaggatin jiraniiyyu. \v 3 Maarre Iyaasuun kolbaa Israa'eliitiin, «Lafa Goottaan Waaqi abbootii teessanii isiniif kenne seentanee qabatiisaaf haga yoomii eeddan? \v 4 Gosa duudii keessaa nama sad sad naa fila'a. Isaan dhaqanee biyya keessa deddeebi'anee, lafa gosi isaanii qoodamu'uu malte ilaalanee akka gara kiyya deebi'anu hin erga. \v 5 Isaan lafa san addee torbatti qoodan. Worri Yihuda'aa lafa ifii ta kibbaa keessa, worri Yoseefiille lafa ifii ta kaabaa keessa le'an. \v 6 Latti torba sun maan akka fakkaattu barreessa'aatii naa fida'a. Ani Goottaa Waaqa keenna duratti hixaa isiniif buusa. \v 7 Te'uu malee worri Lewwi'ii qoodi isaanii hayyoota te'anee Waaqa tajaajiliisa waan te'eef, isin keessaa isaan qooda lafaa hin dhaggatanu. Gosi Gaadii, Ruubenii fi gamisi gosa Minaase'ee, lafa ifii ta Muuseen tajaajilaan Waaqaa isaaniif kenne ta laga Yordaanos irraa gara aduun baatuu duruu fudhataneeran» jedhe. \p \v 8 Namooti lafa qorqoriisaaf adoo hin deeminiin dura, Iyaasuun, «Gara lafa duudi'ii dhaqa'aa ilaala'aatii, maan akka fakkaattu barreessa'aatii gara kiyya deebi'a'a. Anille Waaqa duratti as Shiilo'otti hixaa isiniif buusee hin qooda» jedhe. \v 9 Maarre namooti lafa duudii dhaqanee, qachoota galmeessanee lafa addee torbatti attam akka qoodane barreeffamaan keyane. Achiin duuba quttuma Shiilo'ootitti gara Iyaasu'uu deebi'ane. \v 10 Iyaasuun Waaqa duratti hixaa isaaniif buuse. Worra Israa'elii ka hafanelle'eef akka gosa gosa isaaniititti lafa qoode. \s1 Lafa Gosa Beniyaaminiitiif Kennante \p \v 11 Hixaan duraa akka maatii maatii isaaniititti gosa Beniyaaminiif bu'e; latti isaanii wodhakkaa gosa Yihuda'aatii fi Yoseefii ti. \v 12 Gara kaabaatiin meessaan isaanii laga Yordaanosiitii ka'ee, gara goodda kaaba Yeriko'oo ol bayee, karaa aduun seentu biyya koobitti'iin haga goomolee Bet-Aweenii ti. \v 13 Achii ka'ee gara goodda kibba Luzii ka «Bet'el» jedhamu dhaqee, gaara kibba Bet-horoonii jalaa irra bayee, gara Ataarot-adaariititti gad bu'a. \v 14 Achiin duuba karaa dhibi'iin gaaruma kana gara aduun seentuun gara kibbaa deebi'ee, gara qachaa gosa Yihuda'aa Kiriiyat-Ba'aaliik ka Kiriiyat-Ya'ariim jedhamuu deema. Meessaan gara aduun seentuu kana. \v 15 Meessaan gara kibbaa irga Kiriiyat-Ya'ariimii irraa jalqabee karaa aduun seentu gara madda Nefto'aatitti deema. \v 16 Meessaan sun gara gaara jalaa ka fuullee dhooqa Ben-henoomii irga dhooqa dhuma kaaba Refaa'otaatitti gad bu'a. Achii ka'ee gara qachaa dhooqa Hiinomii gad bu'ee, gara kibba goodda qachaa Yibusootaa dhaqee, gara En-Rogeelii deema. \v 17 Achiin duuba kaabatti deebi'ee karaa En-Shemeshiitiin, Geliilotii fuullee Abdumiimii irra bayee, gara dhakaa Bohanii ilma Ruubeniititti gad bu'a. \v 18 Gara kaabaatiin goodda dhuma fuullee dhooqa laga Yordaanosiititti gad bu'ee, \v 19 gara kaabaatiin dhuma Bet-Hoglaa irra bayee, addee lagi Yordaanosii itti dhumatu kaaba hullufa Abbaayaa Sooddaatitti dhaabbata. Meessaan kibbaa kana. \v 20 Meessaan gara aduun baatuu laga Yordaanosii ti. Meessaan maatiin gosa Beniyaaminii akka lafa ifiititti fudhatte kana. \p \v 21 Qachooti maatiin gosa Beniyaamii fudhatte Yerikoo, Bet-Hoglaa, Emek-Keziiz, \v 22 Bet-Arabaa, Zemaaraayim, Bet'el \v 23 Awiim, Faaraa, Ofraa, \v 24 Kefaar-Amoonii, Ofnii fi Geba'a: qachoota gugurdaa kudha lamaa fi qachoota adaala isaanii ti. \v 25 Akkasuma Giibe'on, Raamaa, Be'erot \v 26 Miisphaa, Kefiiraa, Mozaa, \v 27 Reqem, Irphii'el, Taraalaa, \v 28 Zelaa, Eeleef, qachaa worra Yibusootaa\f + \fr 18:28 \fr*\fqa Qachaa worra Yibusootaa: \fqa*\ft Kun qachaa Yerusaalemii ti.\ft*\f*, Giibe'aa fi Kiriiyat-Ya'ariim: qachooti gugurdaan kudha afurii fi qachooti adaala sanii ka maatii gosa Beniyaamii akka lafa ifiititti fudhatte kana. \c 19 \s1 Lafa Gosa Shimi'ooniitiif Kennante \p \v 1 Hixaan lammeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Shimi'ooniitiif bu'e. Latti isaanii haga lafa gosa Yihuda'aatiif kennantee gara keessaa seenteerti. \v 2 Tunille Bersheebaa, Shemaa, Molaadaa, \v 3 Hazaar-Shu'aal, Baalaa, Azem, \v 4 Eltolaad, Bet-Hul, Hormaa, \v 5 Siiqlaag, Bet-Markaboot, Hazaar-Susaa, \v 6 Bet-Labaa'otii fi Shiruheen: qachoota gugurdaa kudha sadii fi qachoota adaala sanii ti. \p \v 7 Ammalle Aayin, Rimoon, Taakaan, Eter fi Ashaan: qachoota gugurdaa afurii fi qachoota adaala sanii ti. \v 8 Kun qachoota adaala qachoota gugurdaa kanaa ka Ba'alaat-Be'erii irraa gara kibbaa jiru mara dabalata. Latti gosi Shimi'oonii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane tana. \v 9 Latti gosa Yihuda'aatiif kennante haga isaaniif barbaachittu caalaa waan badhatteef, lafa isaanii irraa gosa Shimi'ooniitiif kennante. \s1 Lafa Gosa Zebulooniitiif Kennante \p \v 10 Hixaan sadeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Zebulooniitiif bu'e. Latti isaan fudhatane haga Saariidititti deenti. \v 11 Meessaan isaanii karaa aduun seentuu gara Maaraalaa dhaqee, Dabesheetii fi laga Yaakne'aamii gara aduun baatuu tuqa. \v 12 Karaa dhibi'iin Saariid irraa gara aduun baatuu deebi'ee, haga meessaa Kislot-Taaborititti deemee, haga Daabera'aatii fi Yaafii'aa dhaqa. \v 13 Achille'ee karaa aduun baatutti gara Gaat-Heferii fi Iit-Kaaziinii deemee, gara Rimoona'aa dhaqee Ne'aahititti deebi'a. \v 14 Gara kaabaatiin Hanaatonitti deebi'ee, dhooqa Yiftaa-Elitti dhaabbata. \v 15 Kunille Kataat, Naahaalal, Shimroon, Yiiraalaa fi Betlihem: qachoota gugurdaa kudha lamaa fi qachoota adaala san jiru dabalata. \v 16 Qachoota gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Zebuloonii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran. \s1 Lafa Gosa Yisaakoriitiif Kennante \p \v 17 Hixaan arfeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Yisaakoriitiif bu'e. \v 18 Latti isaanii Yizre'el, Kesuloot, Shuneem, \v 19 Haafara'iim, Shi'on, Anaharaati, \v 20 Rabit, Qiishon, Ebez, \v 21 Remet, En-Gaaniim, En-Hadiidii fi Bet-Phaazez. \v 22 Meessaan kun ammalle Taabor, Shaziima'aa fi Bet-shemeshi tuqee, laga Yordaanosiititti dhaabbata. Kunille qachoota gugurdaa kudha jaa fi qachoota adaala sanii dabalata. \v 23 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Yisaakorii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran. \s1 Lafa Gosa Asheeriitiif Kennante \p \v 24 Hixaan shaneesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Asheeriitiif bu'e. \v 25 Latti isaanii Helqaat, Haalii, Beteen, Akshaaf, \v 26 Alaamelek, Amaadii fi Miishaal; karaa aduun seentuun Qarmelii fi Shiihor-Liibnaat tuqa. \v 27 Achii ka'ee karaa aduun baatu deebi'ee gara Bet-daagonii dhaqee, karaa kaaba Bet-emekiitii fi Nii'eliitiin Zebuloonii fi dhooqa Yiftaa-Elitti tuqa. Achii ka'ee gara kaaba Kaabulii, \v 28 Abdoonii, Rehoobii, Haamonii fi Qaana'aa dhaqee haga Sidoonaa gudditti'ii deema. \v 29 Achiin duuba meessaan gara Raama'aa deebi'ee haga qachaa Xiiroosii ka dalleya dhaka'aa qabuu ti; achille'ee gara Hosaahii deebi'ee Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. Kunille Maahilaa, Akziib, \v 30 Umaa, Afeqii fi Rehoob: qachoota gugurdaa diddamii lamaa fi qachoota adaala sanii dabalata. \v 31 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Asheerii akka maatii maatii isaanitti fudhatane keessa jiran. \s1 Lafa Gosa Niftaalemiitiif Kennante \p \v 32 Hixaan jayeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Niftaalemiitiif bu'e. \v 33 Meessaan isaanii Helefii ka'ee haga qilxaa Zaa'anaaniim jiruu deemee, Adaamii-Neqebnii fi Yaabnii'el irra bayee haga Laquumii geyee laga Yordaanosiititti dhaabbata. \v 34 Achiin duuba gara aduun seentuun Aaznot-taaboriitti deebi'ee, gara Hoqonii deemee, gara kibbaatiin Zebuloon, gara aduun seentuun Asheer, gara aduun baatuun laga Yordaanosii tuqa. \v 35 Qachooti gugurdaan dalleya dhaka'aa qabanu Ziidiim, Zer, Haamaat, Raaqaat, Keneret, \v 36 Aadaamaa, Raamaa, Hazoor, \v 37 Qedeesh, Edraayi, En-Hazoor, \v 38 Yiroon, Migdaal-El, Horeem, Bet-anaatii fi Bet-shemeshi: qachoota gugurdaa kudhanii sagalii fi qachoota adaala sanii ti. \v 39 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Niftaalemii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran. \s1 Lafa Gosa Daaniitiif Kennante \p \v 40 Hixaan torbeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Daaniitiif bu'e. \v 41 Latti isaanii Zoraa, Eshtaa'ol, Iir-Shemesh, \v 42 Sha'aalbiim, Ayalon, Iitlaa, \v 43 Eloon, Tiimnaa, Eqroon, \v 44 Elteqee, Giibetoon, Ba'aalaati, \v 45 Yehud, Azor Bene-Beraaq, Gaat-Rimoon, \v 46 Miiyaarqon, Raaqonii fi lafa fuullee Yophe'ee ti. \v 47 Kolbaa Daanii irraa latti yennaa fudhatante, gara biyya Laashemii dhaqanee lolanee, worra achi keessa le'u fixanee qachaa san qabatanee, ka ifii godhatane. Isaan achi qubatanee maqaa qachaa Laashemii jijjiiranee maqaa Abbaa ifii duriitiin, «Daan» jedhanee moggaasane. \v 48 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Daanii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran. \s1 Lafa Dhuma Irratti Iyaasu'uuf Kennante \p \v 49 Kolbaan Israa'elii lafa qoodanee yennaa fixane, Iyaasuu ilma Nuniitiifille lafa kennane \v 50 Akkuma Waaqi ajajetti qachaa Tiimnat-Seraa ka biyya koobittii Efreemii keessa ka Iyaasuun fudhatiisaaf gaafate, kennaneef. Inni achitti qachaa guddicha deebisee ijaaree itti qubate. \p \v 51 Hayyichi Ele'azaar, Iyaasuun ilmi Nuniitii fi sooreyyiin maatii gosa kolbaa Israa'elii Shiilo'otti fuula Waaqaatii fi Dunkaanii Woldeenna'aa duratti lafa tana hixaa buusanee qoodane. Isaan akka kanaan lafa qoodanee fixane. \c 20 \s1 Qachoota Itti Baqatanu \r (Lak. 35:9-34) \p \v 1 Achiin duuba Waaqi Iyaasu'uun, \v 2 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Ani akkuma karaa Muuse'eetiin isin ajajetti qachaa itti baqatanu fila'a. \v 3 Nami tokko adoo hin beekin danu'uun nama yoo ijjeese, nama haluu bayiisaaf isa barbaadu jalaa achi baqata. \v 4 Inni qachoota san keessaa gara tokkootitti yennaa baqatu, seensuma karra qachaa sanii dura dhaabbatee haajaa ifii jaarsolee qachaa saniititti himata. Achiin duuba akka inni qachaa san seenu eeyyamanee, addee inni le'u kennan; maarre inni achi keessa le'a. \v 5 Nami isa haluu bayiisaaf barbaadu sun yoo hordofe, nami nama ijjeese sun adoo hin beekin danu'uun waan ijjeeseef, worri qachaa sanii nama haluu isa bayiisaaf barbaadutti dabarsee kennuu hin qabu. \v 6 Nami nama ijjeese sun mura'aaf kolbaa duratti haga dhikaatuu fi hayyichi guddaan bara sanii haga du'utti qachaa san keessa turuu ti. Achiin duuba gara qachaa keessaa baqatee deebi'ee mana ifiititti galuu ti› jedhi» jedhe. \p \v 7 Maarre Israa'elooti Qedeeshii Galiilaa keessaa, biyya koobittii Niftaalem keessaa, Sheekemii biyya koobittii Efreemii keessaa, kiriiyat-Arbaa ta amma Hebroon jedhantu ta biyya koobittii Yihuda'aa keessaa filane. \v 8 Laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuun, Bezerii fuullee Yeriko'oo lafa gooroo goomolee biyya gosa Ruuben keessaa, Raamoot ta Giil'aadii biyya Minaase'ee keessaa, Golaan ta Baashaanii biyya Minaasee keessaalle filane. \v 9 Kolbaa Israa'eliitii fi orma odduu isaanii le'u maraaf qachaan akka itti baqatanuuf filame kana. Eennulle adoo hin beekin danu'uun nama yoo ijjeese, nama haluu isa bayiisaaf barbaadu jalaa achi baqata; eennulle adoo kolbaa duratti qara itti hin muramin hin ijjeefamu. \c 21 \s1 Qachoota Lewwootaaf Kenname \p \v 1 Sooreyyiin maatii Lewwootaa gara hayyicha Ele'azaarii, gara Iyaasuu ilma Nuniitii fi gara sooreyyii maatii kolbaa Israa'elii duudi'ii dhaqane. \v 2 Kana'aan keessa qachaa Shiilo'ootitti isaaniin, «Qachooti keessa leenuu fi adaala sanitti lafa horii keenna itti tiffannulle akka nu'uuf kennamanu Waaqi karaa Muuse'eetiin ajajeera» jedhane. \v 3 Tanaaf kolbaan Israa'elii akkuma Waaqi ajajetti gosa Lewwi'iitiif qachootaa fi lafa horii itti tiffatanu lafa ifii keessaa kennaneef. \p \v 4 Hixaan matoomaa maatii Qehaatotaatiif bu'e. Gosa Lewwi'ii keessaa sanyii hayyicha Aaroniitiif qachoota kudhanii sad lafa gosa Yihuda'aa, gosa Shimi'ooniitii fi gosa Beniyaamii keessaa kennameef. \v 5 Fira Qehaatotaa worra hafeef qachoota lafa gosa Efreemii keessaa, gosa Daanii keessaa, gamisa gosa Minaase'ee gara aduun seentuu keessalle'ee qachooti kudhan kennameef. \p \v 6 Fira Gerishoniitiif lafa biyya Yisaakor, Aheer, Niftaalemii fi gamisa gosa Minaase'ee ta Baashaan keessaatiif qachooti kudha sad kennameef. \p \v 7 Fira Meraariitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa Ruubenii, Gaadiitiif fi Zebuloonii keessaa qachooti kudhanii lama kennameef. \p \v 8 Kolbaan Israa'elii akkuma Waaqi karaa Muuse'eetiin isaan ajajetti, hixaa buusanee qachoota kanaa fi lafa isaan horii itti tiffatanu gosa Lewwi'iitiif kennane. \p \v 9 Lafa gosa Yihuda'aatii fi Shimi'oon keessaa qachoota maqaan isaanii asii gad jiru kennaneef. \v 10 Hixaan matoomaa sanyii Aaronii fira Qehaatotaa, gosa Lewwi'iitiif waan bu'eef isaanii kenname. \v 11 Qachaa biyya koobittii kiriiyat-Arbaa\f + \fr 21:11 \fr*\fqa Arabaa: \fqa*\ft Arabaan kun abbaa Aanaaqotaa ti.\ft*\f* ka «Kebroon» jedhamu, lafa tikaa ta adaala san jirtu woliin kennaneef. \v 12 Teetuu malee fichaan qachoota gugurda'aatii fi qachoota adaala sanii Kaalebii ilma Yofune'eetiif akka lafa isaatitti kennamaneef. \p \v 13 Sanyii hayyicha Aaroniitiif, qachaa nami nama ijjeese itti baqatu keessa tokko ka te'e Kebroonitti dabalanee, Liibnaa lafa horii itti tiffatanu woliin, \v 14 Yaatiir lafa horii itti tiffatanu woliin, Eshtemo'aa lafa horii itti tiffatanu woliin, \v 15 Holoon lafa horii itti tiffatanu woliin, Deebirin lafa horii itti tiffatanu woliin, \v 16 Ay'eeniin lafa horii itti tiffatanu woliin, Yutaahaa fi Bet-Shemeshin lafa horii itti tiffatanu woliin: gosa Yihuda'aatii fi Simoonii keessaa qachoota gugurdaa sagal kennane. \v 17 Lafa Beniyaamii keessaa qachoota gugurdaa afur: Giibe'on lafa horii itti tiffatanu woliin, Gebaasin lafa horii itti tiffatanu woliin, \v 18 Anaatoti lafa horii itti tiffatanu woliin, Almoonin lafa horii itti tiffatanu woliin kennane. \v 19 Wolumatti qachooti gugurdaan kudhanii sad lafa horii itti tiffatanu woliin hayyicha Aaroniif kennamane. \p \v 20 Maatii gosa Lewwootaa fira Qehaatotaa worra hafeef, qachooti gugurdaan gariin lafa Efreemii keessaa kennameef. \v 21 Qachooti gugurdaan afur: qachaa nami nama ijjeese itti baqatu Sheekemii fi lafa horii itti tiffatanu biyya koobittii Efreemii keessaa, Gezer lafa horii itti tiffatanu woliin, \v 22 Kibzaayimii fi Bet-Horoonin lafa horii itti woliin kennane. \v 23 Lafa Daanii keessaa qachoota gugurdaa afur: Elteqee lafa horii itti tiffatanu woliin, Giibetoon lafa horii itti tiffatanu woliin, \v 24 Ayalon lafa horii itti tiffatanu woliin, Gaat-Rimoon lafa horii itti tiffatanu woliin kennane. \v 25 Lafa Minaase'ee ta gara aduun seentuu keessaa qachoota gugurdaa lama: Ta'anaa fi Gaat-Rimoon lafa horii itti tiffatanu woliin kennane. \v 26 Maatiin fira Qehaatotaa worri hafe kun, wolumatti qachoota gugurdaa kudhan lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. \p \v 27 Goliin gosa Lewwootaa firri Gershoonii dhibiin, lafa Minaase'ee ta gara aduun baatuu keessaa qachoota gugurdaa lama: Golaanii Baashaan keessaa qachaa itti baqatanu keessaa tokko ka te'ee fi Ashitaaroti lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. \v 28 Lafa Yisaakorii keessaa qachoota gugurdaa afur: Qeshoon lafa horii itti tiffatanu woliin, Daaberaatin lafa horii itti tiffatanu woliin, \v 29 Yarmuut lafa horii itti tiffatanu woliin, En-Gaaniim lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. \v 30 Lafa Asheerii keessaa qachoota gugurdaa afur: Mishaalin lafa horii itti tiffatanu woliin, Abdoon lafa horii itti tiffatanu woliin, \v 31 Helqaatii lafa horii itti tiffatanu woliin, Rehoob lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. \v 32 Lafa Niftaalemii keessaa qachoota gugurdaa sad: Qedeeshii Galiilaa keessaa qachaa itti baqatanu keessaa tokko ka te'e lafa horii itti tiffatanu woliin, Hamoot-Door lafa horii itti tiffatanu woliin, Qaartaan lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. \v 33 Maatiin fira Gershoonii akka maatii maatii isaaniititti wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii sad lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. \p \v 34 Firri Meraarii gosi Lewwootaa worri hafe, lafa Zebuloonii keessaa qachoota gugurdaa afur: Yaakon'an lafa horii itti tiffatanu woliin, Qaartaa lafa horii itti tiffatanu woliin, \v 35 Diimnaa lafa horii itti tiffatanu woliin, Naahaalal lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. \v 36 Lafa Ruubenii keessaa qachoota gugurdaa afur: Bezer lafa horii itti tiffatanu woliin, Yaahazaa lafa horii itti tiffatanu woliin, \v 37 Qedemoot lafa horii itti tiffatanu woliin, Mefaat lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. \v 38 Lafa gosa Gaadii keessaa qachoota gugurdaa afur: Raamootii Galii'aad keessaa, qachaa nami nama ijjeese itti baqatu, lafa horii itti tiffatanu woliin, Mahanaayim lafa horii itti tiffatanu woliin, \v 39 Heshiboon lafa horii itti tiffatanu woliin, Yaazer lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. \v 40 Maarre firri Meraarii gosa Lewwoota worra hafeef, wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii lama kennane. \p \v 41 Lafa kolbaan Israa'el qabatte keessaa lafa horii itti tiffatanu woliin wolumatti qachoota gugurdaa afurtamii saddeeti, Lewwootaaf kennane. \v 42 Qachooti kun tokko tokkoon isaaniituu adaala ifiititti lafa horii itti tiffatanu qaban. \s1 Israa'elooti Lafa Fudhatane \p \v 43 Maarre Waaqi lafa abbootii isaaniitiif kenniisaaf waadaa gale duudii Israa'elootaaf kenne. Isaan lafa san fudhataneen duuba achii le'ane. \v 44 Waaqi akkuma abbootii isaaniitiif waadaa galetti lafa isaanii duudii keessatti nageya isaanii kenne. Diinota isaanii duudii irratti Waaqi injifachaa waan kenneef, diinota isaanii mara keessaa tokkolle isaan dura dhaabbatuu hin dandeenne. \v 45 Waaqi waadaa kolbaa Israa'eliitiif gale tokkolle adoo hin hafin muummesse. \c 22 \s1 Gosi Gara Aduun Baatuu gara Manaa Deebi'ane \p \v 1 Achiin duuba Iyaasuun kolbaa gosa Ruubenii, Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuu wolitti waamee, \v 2 Isaaniin, «Isin waan Muuseen tajaajilaan Waaqaa akka isin gootanuuf ajaje duudii gootaneertan; ajaja kiyya maralle'eef ajajantaneertan. \v 3 Yennaa tana duudii, isin haga adhaatitti Israa'eloota obboleeyyan teessan irraa gargar hin baane. Ajaja Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessanii akka dansaa eegattaneertan. \v 4 Amma, Goottaan Waaqi keessan akkuma waadaa gale Israa'eloota obboleeyyan teessaniif nageya kenneera. Tanaaf gara lafa laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu, ka tajaajilaan Waaqaa Muuseen isiniif kennetti deebi'a'a. \v 5 Seeraa fi ajaja Muuseen tajaajilaan Waaqaa isiniif kenne ifi eegganna'aan muummessa'a: Waaqa Goottaa keessan jaaladha'a; fedha isaa muummessa'a; ajaja isaa eegadha'a; isaaf addatama'a; gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuun teessan takkatti'iin isa tajaajila'a» jedhe. \v 6 Achiin duuba Iyaasuun isaan eebbisee ifi irraa geegesse; isaanille gara mana ifii galane. \v 7 Muuseen gamisa gosa Minaase'eetiif lafa Baashaanii kenneeraayyu; Iyaasuun ammoo gamisa gosa Minaase'ee worra hafeef obboleeyyan isaanii Israa'eloota woliin lafa laga Yordaanosiitiin gara aduun seentu kenneef. Iyaasuun akka isaan gara manaa galanuuf, yennaa ifi irraa eebbisee geegesse, \v 8 «Isin karra teessan hedduu, horii hedduu, meetii, worqii, sageettuu, sibiilaa fi woyaa hedduu fudhadha'aatii gara manaa deebi'a'a; waan boojitanelle obboleeyyan teessan woliin qoodama'a» jedheen. \p \v 9 Maarre kolbaan gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gamisi gosa Minaase'ee gara lafa ifii Giil'aadii, ta ajaja Waaqaatiin karaa Muuse'eetiin isaaniif kennante sanitti deebi'iisaaf, kolbaa Israa'elii worra hafe Shiilonii biyya Kana'aanii keessatti lakkisanee gara manaa deebi'ane. \s1 Addee Ciinca'aa Ta Laga Yordaanosii Biraa \p \v 10 Gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gamisi gosa Minaase'ee lafa laga Yordaanosii biraa ta Kana'aanotaa keessaa yennaa geyane, laga biratti addee ciinca'aa guddoo ta maade'ee ijaarane. \v 11 Kolbaan Israa'elii worri hafe, akka gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gosi Minaase'ee ta gara aduun baatuu, lafa Israa'elootaa Kana'aan keessa lafa laga Yordaanosii biraatitti, addee ciinca'aa akka ijaarane dhage'ane. \v 12 Kolbaan Israa'elii duudiin yennaa waan kana dhageette gosa gara aduun baatuu loliisaaf Shiilo'otti wolitti qabante. \p \v 13 Achiin duuba Israa'elooti, Fiinehaasinii ilma hayyicha Ele'azaarii, gara kolbaa lafa Giil'aadii gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuutitti ergane. \v 14 Fiinehaas woliin namoota gugurdaa kudhan ergane; tokko tokkoon isaaniituu gosa gara aduun seentu keessaa, maatii fira ifii keessatti sooreyyi'i. \v 15 Isaanille gara lafa Giil'aadii kolbaa gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuu dhaqanee isaaniin, \v 16 «Kolbaan Waaqaa duudiin gara keessan nu erganee, ‹Isin maaf Waaqa Israa'elii irratti waan hantuu tana gootane? Addee ciinca'aa tana ifiif ijaaratiisaan Waaqa finqiltaneertan; isa irralle'ee fagaattaneertan. \v 17 Cubbuun Phe'oritti teete nu hin geettuu? Kolbaa Waaqaa irratti balaan bu'ulle, nuuti haga adhaalle cubbuu san irraa adoo hin qulqulloomin jirra. \v 18 Isin amma Mootii Waan Maraa hordofuu diddanii? Yoo finqiltane, inni boru kolbaa Israa'elii duudi'itti hin mufata. \v 19 Latti teessan ta battootte yoo teete, addee dunkaaniin isaa jirtu gara lafa Waaqaa kowa'aa lafa nu woliin qoodama'a; ammoo addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa biratti ta dhibii ijaarratiisaan Mootii Waan Maraa yookiin nu hin fiqiliina'a. \v 20 Akaan ilmi Zaara'aa waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame fudhatiisaan attam ajajamuu akka dide qaabadha'a; kolbaan Israa'elii duudiin saniif adabante. Nami sababa cubbuu ifiitiif du'e Akaan qofaa moti› jedhan» jedhane. \p \v 21 Kolbaan gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosi Minaase'ee ta gara aduun baatuu, sooreyyii maatii gosa gara aduun seentuutiin, \v 22 «Waaqi goottaa waaqotaa ti! Waaqi goottaa waaqotaa ti! Inni maaf akka nuuti tana goone hin beeka; akka isinille beettanu barbaanna! Nuuti finqillee dhugeeffannaa eegatiisa yoo dhanne, lubbu'uun akka leenu nu hin lakkisina'a. \v 23 Nuuti Waaqaaf ajajamuu dhannee ciincaa yookiin kennaa midhaanii yookiin woreega tokkumma'aa irratti dhikeessiisaaf addee ciinca'aa ka ijaarranneerru yoo te'e, Mootiin Waan Maraatuu nu adabuu ti. \v 24-25 Waawwo'o! Sanyiin teessan hegeri, ‹Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii woliin maan qaddan? Inni nu'uu fi isin kolbaa gosa Ruubeniitii fi Gaadii wodhakka'atti laga Yordaanosii meessaa godheera. Isin Mootii Waan Maraa woliin qooda hin qaddanu› jettee sanyii teenna hin gaafatti fa'a jennee waan sodaanneef tana goone. Sanyiin teessan sanyii teenna akka Waaqa hin waaqonsine dhooggiti. \v 26 Tanaaf nuuti ciincaa yookiin woreegaa dhibii dhikeessiisaaf addee ciinca'aa hin ijaarranne. \v 27 Ammoo isinii fi nu'u wodhakka'atti, dhaloota nu'uun duuba dhufu wodhakkaalle'etti, dunkaana woyyittii duratti ciincaa, woreegaa fi woreega tokkumma'aa qabannee Mootii Waan Maraa akka waaqonfatiisatti jirru kolbaa teennaa fi teessaniif beessisa teeti. Tanaaf sanyiin teessan sanyii teennaan, ‹Mootii Waan Maraa irraa qooda hin qaddanu› jechuu hin dande'anu. \v 28 Wonni kun yoo teete, yaad keenna, sanyiin teenna, ‹Ilaala'a! Addeen ciinca'aa ta abbootiin teenna hujje, addee ciinca'aa ta Waaqaaf hujanteen wol fakkaatti. Tunille odduu kolbaa teessaniitii fi teennaatitti beessisa teetee akka jiraattuuf malee, ta ciincaan yookiin woreegi irratti dhikaatuu moti› jenne. \v 29 Nuuti dhugumaan addee ciinca'aa ta ciincaan, kennaan midhaaniitii fi woreegi irratti dhikeeffamu ijaariisaan Waaqa hin finqille yookiin isa hordofiisa hin lakkinne. Nuuti addee ciinca'aa dhugittii Waaqaa ta dunkaana Woyyittii duraa qofa malee ta dhibii hin ijaarre» jedhane. \p \v 30 Hayyichi Fiinehaa fi sooressitooti kolba'aa kudhan ka isa woliin jiranu sooreyyiin maatii gosa gara aduun seentuu, waan kolbaan gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuu, dubbatane yennaa dhage'ane gammadane. \v 31 Fiinehaas Ilmi Ele'azaarii hayyichaa isaaniin, «Amma akka Waaqi nu woliin jiru beenneerra. Isin isa hin finqille; tanaaf kolbaa Israa'elii adabbii Waaqaa irraa fayyittaneertan» jedhe. \p \v 32 Achiin duuba Fiinehaas ilmi Ele'azaarii hayyichaatii fi sooressitooti kolbaa Ruubeniitii fi Gaadii lafa Giil'aadii keessaa ka'anee gara Kana'aanii deebi'anee, waan te'e Israa'elootatti himane. \v 33 Israa'elooti waan dhage'ane sanitti gammadanee Waaqa leellisane. Eega san isaan marroo lafa kolbaan Ruubeniitii fi Gaadii keessa qubataneeranu dhaqanee lolanee balleessiisaa hin dubbanne. \p \v 34 Kolbaan Ruubeniitii fi Gaadii, «Addeen ciinca'aa tun Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e, nu duudi'iif dhugaa baati» jedhanee moggaasane. \c 23 \s1 Iyaasuun Nageya Dhaame \p \v 1 Yennaa heddu'uun duuba, Mootiin Waan Maraa diinota adaala jiranu duudii irraa Israa'eloota foorfachiise. Yennaa san Iyaasuun guddoo dulloomeera. \v 2 Maarre inni kolbaa Israa'elii duudii, jaarsolee, sooreyyii, abbootii mura'aatii fi qondaaltota kolba'aa waamee, «Ani amma guddoo dulloomeera. \v 3 Isin waan Mootiin Waan Maraa Waaqi sababa keessaniif, gosa biyya adda addaa tana duudi'iif godhe dhaggitaneertan. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif loleera. \v 4 Ani lafa gosa adda addaa ta haga ammaa hin qabatamin jirtuu fi ta duruu qabadheeru, gara aduun baatuun laga Yordaanosii irraa jalqabee gara aduun seentuun haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa gosa teessaniif kenneera. \v 5 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaan isin duraa ari'ee hin baasa; isin duraa isaan hin fageessa. Isin akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan Waadaa isiniif galetti, lafa isaanii hin fudhattan. \v 6 Tanaaf waan kitaaba Seera Muuse'ee keessatti barreeffame maraaf ajajamiisaa fi tolchiisa jabaadha'aa eegadha'a. Isaan irralle'ee gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorina'a. \v 7 Kolbaa odduu teessanitti hatte woliin wolitti hin makamina'a yookiin maqaa waaqota isaanii hin waammatina'a yookiin ittiin hin kakatina'a yookiin hin waaqonsina'a yookiin hin sagadina'aaf. \v 8 Addee akkasii akkuma haga ammaa godhaa jirtanu, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif addatama'a. \v 9 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa gugurdo'oo fi jajjaboo isin duraa ari'eera; haga adhaa nami tokkolle isin dura dhaabbatiisa hin dandeenne. \v 10 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akkuma isiniif waadaa galetti waan isiniif loluuf, nami keessan tokkochi nama isaanii kuma hin ari'a. \v 11 Tanaaf, isin jabeessa'aa ifi eeggadha'aatii Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaaladha'a. \v 12 Isin ammoo karaa Waaqaa irraa fagaattanee, worra odduu teessanitti hafe woliin makantanee yoo wol fuutane, \v 13 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan haganaa achi kolbaa tana isin duraa akka hin ariine beeka'a; isaan ammoo haga isin lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kenne tana irraa isin balleessanutti, akka tiyyo'ootii fi fonxoro'oo, dudda keessaniif akka liche'ee, ila teessaniif akka qore'ee isinitti hin te'an. \p \v 14 «Amma yennaan ani du'u geetteerti; isin keessaa tokko tokkonuu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa gale mara tokkolle adoo hin hafin akka isiniif kenne, gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti'iin hin beeka. \v 15 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa isiniif gale akkuma muummesse, akkasuma biyya dansaa isiniif kenne keessaa haga isin balleessutti waan hantuu duudii isinitti hin fida. \v 16 Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin eegattanu ajaje eegatuu dhaddanee, waaqota dhibii dhaxxanee tajaajiltanee yoo sagaddane, mufiin Waaqaa isin irratti bobeetti; lafa dansaa inni isiniif kenne irralle'ee ariiti'iin baddan» jedhe. \c 24 \s1 Iyaasuun Sheekemitti Kolba'atti Dubbate \p \v 1 Iyaasuun gosa Israa'elii duudii Sheekemitti wolitti qabee, jaarsolee, sooreyyii, abbootii mura'aatii fi qondaaltota Israa'el waame; isaanille Waaqa duratti wolitti qabamane. \v 2 Iyaasuun kolbaa duudi'iin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Bara durii abbootiin teessan ta laga Efraaxiisiitiin gama leetu waaqota dhibii waaqonfatte; isaan keessaa tokkochi Taaraanii abbaa Abrahaamiitii fi Naahorii ti. \v 3 Ani ammoo abbaa keessan Abrahaam laga Efraaxiisiitiin gamaa fuudhee, biyya Kana'aanii duudii keessa isa sooressee, sanyii hedduu isaaf kenne. Ani isaaf Yisihaq, \v 4 Yisihaqiifille Yaaqoobii fi Esaawuu kenne; Esaawuuf biyya koobittii Se'iir kenne; Yaaqoobii fi ijoolleen isaa ammoo gara biyya Gibxi'ii gad bu'ane. \v 5 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron gara biyya Gibxi'ii ergee, biyya Gibxi'ii irratti balaa guddaa buuse; isin ammoo achii baase. \v 6 Ani abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'iitii yennaa baase, worri Gibxi'ii garreettaa fardaatii fi abbootii fardaatiin haga abbaayaa diintu'uu isaan ari'ane. \v 7 Abbootiin teessan ammoo akka ani isaan qarqaaruuf gara kiyya iyyane. Anille isaanii fi worra Gibxi'ii wodhakka'atti dukkana buusee, abbaayaa isaan irratti garagalchee akka lixanu godhe. Waan ani worra Gibxii irratti godhe ila teessaniin dhaggitaneertan; eega san isin yennaa hedduu goomolee keessa leetane. \v 8 Achiin duuba gara lafa Amoorota laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu jiranu isin fide. Isaan isin lolane; ani ammoo isaan harka keessanitti dabarsee kenne. Ani fuula keessan duraa isaan balleessee, lafa isaanii fudhattane. \v 9 Mootiin Mo'aabii ilmi Ziphoorii Balaaqi, isin loliisaaf yennaa ka'e, ilma Phe'orii Bala'aam akka isin abaaruuf erge. \v 10 Ani ammoo Bala'aamiif hin dhageenne; maarre inni isin eebbise; akka kanaan ani Balaaqi jalaa isin baase. \v 11 Isin laga Yordaanosii buutanee gara Yeriko'oo dhuttane. Worri Yeriko'oo, akkasuma worri Amoorotaa, Pheriizotaa, Kana'aanotaa, Heetotaa, Girgaashotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa isin lolane; ani ammoo harka keessanitti dabarsee isaan kenne. \v 12 Akkuma mootota Amoorotaa lamaan irratti godhe, soonsa isin duraa isaan ari'u itti erge; kun shallaagaa yookiin guubee teessaniin waan te'ee moti. \v 13 Ani lafa isin ijjuma hin hujinii fi qachaa isin hin ijaarin isiniif kenneera. Amma isin midhaan muka woyni'iitii fi muka ejersaa hin dhaabin irraa nyaataa achi le'aartan› jedha» jedhe. \p \v 14 Iyaasuun ammalle kolba'aan, «Mootii Waan Maraa ulfeessa'a; dhuga'aa fi addatamumma'aan isa tajaajila'a; waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitii fi biyya Gibxi'iititti waaqonfatane irraa fagaadha'aatii, Mootii Waan Maraa qofa waaqonfadha'a. \v 15 Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le'aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha'a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe. \p \v 16 Kolbaan deebittee, «Mootii Waan Maraa lakkinne waaqota dhibii ijjumaa hin waaqonfannu! \v 17 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, abbootii teennaa fi nu'u garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa baaseera; bilbaasota inni godhelle dhaggineerra; kolbaa biyya adda addaa ta keessa dabarre duudii oddu'utti nageyaan nu eegeera. \v 18 Mootiin Waan Maraa kolbaa Amoorotaa ta lafa san keessa leetu duudii nu duraa ari'e. Inni Waaqa keenna waan te'eef, nuutille isa hin waaqonfanna» jette. \p \v 19 Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa Waaqa woyyichaa fi hinaatticha waan te'eef, isa tajaajiluu hin dandeettanu; inni yakka'aa fi cubbuu teessan hin araaramu. \v 20 Isin isa lakkittanee waaqota orma yoo waaqonfattane, inni dur dansaa isiniif te'ulle, waan hantuu isinitti fidee, isin hin balleessa» jedhe. \p \v 21 Kolbaan Iyaasu'uun, «Waawwo'o! Nuuti Mootii Waan Maraa waaqonfanna» jette. \p \v 22 Iyaasuun isaaniin, «Isin Mootii Waan Maraa waaqonfatiisa waan filattaneef isinuu ifiif dhugaa baatota» jedhe. \p Isaan, «Eeti'i! Nuuti dhugaa baatota» jedhane. \p \v 23 Achiin duuba Iyaasuun kolba'aan, «Waaqota orma ka odduu teessan jiranu gata'aatii, gadhaa keessan gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebifadha'a» jedhe. \p \v 24 Achiin duuba kolbaan Iyaasu'uun, «Nuuti Goottaa Waaqa keenna hin waaqonfanna; ajaja isaalle hin eeganna» jette. \p \v 25 Guyyuma san Iyaasuun Sheekemitti kolbaa woliin gondooroo godhee, seeraa fi qajeelfama ittiin bulanu isaaniif kenne. \v 26 Iyaasuun ajajjoota tana kitaaba Seera Waaqaa keessatti barreesse; achiin duuba dhakaa guddaa tokko fuudhee, addee woyyittii Mootii Waan Maraa bira qilxaa jalatti dhaabe. \v 27 Inni kolbaa duudi'iin, «Dhakaan kun waan Mootiin Waan Maraa nu'utti dubbate, duudii waan dhage'eef, nu irratti dhugaa hin baya; tanaaf yoo Waaqa mormattane dhakaan kun isin irratti dhugaa hin baya» jedhe. \v 28 Achiin duuba Iyaasuun kolbaa ifi irraa geegesse; nami martinuu gara lafa ifii deebi'e. \s1 Du'a Iyaasu'uutii Fi Ele'azaarii \p \v 29 Saniin duuba tajaajilaan Mootii Waan Maraa Iyaasuun ilmi Nunii, woggaa dhibbaa fi kudhanitti du'e. \v 30 Israa'elooti lafa isaa ta «Tiimnat-Seraa» jedhantu, biyya koobittii Efreem keessaa ta gaara Ga'aashiitiin gara kaaba jirtutti awwaalane. \p \v 31 Bara Iyaasuun jiru'uun jiru duudii kolbaan Israa'elii Waaqa waaqonfatte; du'a isaatille'een duuba, haga bara jaarsoleen waan Waaqi Israa'eliif godhe mara ila ifiitiin dhaggane jiranuutitti Waaqa waaqonfatane. \p \v 32 Lafeen Yoseefii ta Israa'elooti biyya Gibxi'iitii fidane, lafa diqqoo ta Yaaqoob ilmaan Hamoorii abbaa Sheekemii irraa meetii dhibba tokkoon bite, lafa sanyii Yoseefii keessatti awwaalante. \p \v 33 Ilmi Aaronii Ele'azaar du'ee, qachaa biyya koobittii Efreemii keessaa ka ilma isaa Fiinehaasiif kenname Giibe'atti awwaalame.