\id JON - Guji Bible \ide UTF-8 \h Yoonaasii Raagichaa \toc1 Kitaaba Yoonaasii Raagichaa \toc2 Yoonaasii Raagichaa \toc3 Yon. \mt1 Kitaaba Yoonaasii Raagichaa \imt Seensa \ip Raagi Yoonaasii, kitaaba dabarsi'ii ka raagicha ajaja Waaqaa muummessuu dhabe tokko irratti, rakkoo jadduu dhaqqaddu ka himu waan te'eef, kitaabota raagaa ka dhibii irraa adda ka te'e. Waaqi Yoonaasiin, «Gara qachaa guddaa nyaapha hamaa kolbaa Israa'elii te'e, gara mootii guddaa mootummaa Asiriya'aa biyya Nanawwe'ee dhaqi» jedhee ajaje. Yoonaas ammoo, «Waaqi qachaa san balleessiisaaf ifi eeggachiisa jabaa kenne hujii irra hin oolchu» jedhee waan hedeef, ergaa Waaqaa gara biyya Nanawwe'ee fuudhee geessuu hin feene. Wonni hedduun adda addaa teeteen duuba jaalatuu dhabulle ajajame; raagi badi'iille adoo hin muummowin waan hafeef mufate. Kitaab kun Waaqi dada duudii irratti baallii akka qabu hubachiisa. Waaqi irra caalaa, Waaqa jaalalaatii fi mararti'ii te'uu isaatiin nyaapha kolbaa ifii adabu'uu fi balleessuu irra akka isaaniif araaramuu fi fayyisuu barbaadu hubachiisa. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Waamamiisaa fi ajajama dhabuu Yoonaasii\ior 1:1-17\ior* \io1 Cubbuu irraa deebi'iisaa fi bayiisa Yoonaasii\ior 2:1-10\ior* \io1 Erga Yoonaas Nanawwee irratti dubbate \ior 3:1-10\ior* \io1 Waaqi kolbaa qachaa Nanawwe'eetiif marare\ior 4:1-11\ior* \c 1 \s1 Ajajama Dhabuu Yoonaasii \p \v 1 Gaafa tokko jechi Mootii Waan Maraa gara Yoonaasii ilma Amiitaayii dhufee, \v 2 «Ka'ii, gara Nanawwee qachaa gudda'aa dhaqi; hammeenni namootaa guddatee na bira waan geyeef itti lallabi» jedhe. \v 3 Yoonaas ammoo, fuula Mootii Waan Maraa duraa baqatee gara ollaa Tarshiishii deemiisaaf ka'ee, ollaa Yoopheetitti gad bu'ee hoboloo guddittii gara Tarshiishii deemaartu dhaggate; inni gatii ittiin deemu kaffaleen duuba, fuula Mootii Waan Maraa duraa gara Tarshiishii baqatiisaaf hoboloo guddittii yaabbatte. \p \v 4 Mootiin Waan Maraa ammoo bubbee jadduu abbaayaa irratti kaase; danbaliin jadduun abbaayaa irratti waan kaateef, hoboloon guddittiin caccabiisaaf dhikaatte. \v 5 Worri hoboloo san oofu duudiin guddoo sodaatanee, nami marti tokko tokkoon isaatuu gara waaqota ifii iyye. Akka itti sallatuuf meya hoboloo guddittii keessa jiru gara abbaaya'aa gad gatane; Yoonaas ammoo kolloo hoboloo sanii keessa gad bu'ee, addee irkatetti hirriiba hamaa keessa jiraayyu. \p \v 6 Ajajaan hoboloo gudditti'ii gara isaa dhikaatee, «Attam akkana ifi gattee ratta? Ka'ii waaqa keeti waammadhu, takki nuu nayee badii irraa nu hambura fa'a» jedheen. \p \v 7 Worri hoboloo san oofu, «Wonni hantuun tun sababa eennuutiif akka nu irra geette beekiisaaf, kowa'a hixaa buufanna» woliin jedhane. Isaan hixaa buusanee hixaan Yoonaasitti bu'e. \v 8 Maarre isaan, «Wonni hantuun tun sababa eennuutiif nu irra geette? Hujiin teeti maan? Eessaa dhutte? Biyyi teeti eessa? Gosii maan? Nutti himi» jedhanee isa gaafatane. \p \v 9 Inni deebisee, «Ani nama gosa Ibraawi'ii ti; ani Mootii Waan Maraa Waaqa ol gubba'aa ka lafaa fi abbaayaa dade Waaqonfadha» jedhe. \p \v 10 Inni marroo ifii dursee isaanitti waan himeeruuf, akka inni Mootii Waan Maraa duraa baqataaru beekane; tanaaf guddoo sodaatanee, «Wonni ati goote kun maan?» jedhanee isa gaafatane. \p \v 11 Danbaliin ittuma jabaataa waan deenteef, isaan, «Akka danbaliin sarmitu maan si goona?» jedhaneen. \p \v 12 Yoonaas deebisee, «Rakkoon danbali'ii tun sababa kiyyaaf akka teete hin beeka. Abbaayaa gudditti'itti na gata'a; yoos danbaliin hin sarmiti» jedheen. \p \v 13 Jarri ammoo hoboloo guddittii gara lafaa baasiisaaf, haga hunna ifii laaqane\f + \fr 1:13 \fr*\fqa Laaqane: \fqa*\ft Laaqiis kun mukaan bisaan gurduummatane; lafa tokko tokkotti gurduumane jedhama.\ft*\f*; ammoo danbaliin ta qaraa caalaa ittuma waan jabaatteef, hin dandeenne. \v 14 Maarre isaan bowanee, «Maganne'e Mootii Waan Maraa, sababa lubbuu namicha kanaatiif nu hin balleessin, akka worra nama yakkaa hin qanne ijjeesuutitti nu hin laakkowin; ee Mootii Waan Maraa, ati waan jaalattu gooteerta» jedhane. \v 15 Achiin duuba Yoonaas fuudhanee abbaaya'atti gatane; danbaliille takkumaan sarmite. \v 16 Wonni kun jara guddoo waan sodaachitteef, ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessanee, isa tajaajiliisaaf waadaa galane. \p \v 17 Ajaja Mootii Waan Maraatiin qurxummiin guddoon takka Yoonaas liqinsitee, innille guyyaa sadii fi halkan sad gadhaa qurxummi'ii keessa bule. \c 2 \s1 Daadimata Yoonaasii \p \v 1 Yoonaas gadhaa qurxummi'ii keessaa Goottaa Waaqa ifii daadimatee, \v 2 «Rakkoo tiyya hantuu keessatti Mootii Waan Maraa kiyya ani si waammadhe, \q2 atille naa deebitte. \q1 Qilee awwaalaa jalaa ani sitti iyyadhe, \q2 atille naa dhageette. \q1 \v 3 Ati gara gadhaa abbaaya'aa, \q2 qilee keessatti, \q2 addee bisaan na marsetti na gatte; \q2 hunni guddoon danbalii teetiille na gubbaa yaate. \q1 \v 4 Yoos, ‹Ani fuula keeti duraa gatameera; \q2 deebi'ee Galma woyyicha keetii \q2 hin dhaggaa laati?› jedhee yaadadhe. \q1 \v 5 Bisaan na irra yaa'ee na lixxisiiseera; \q2 Abbaayaan ijjuma na buxxeerti; \q2 marri bisaan keessaalle mataa kiyyatti marame. \q1 \v 6 Ani gaarota jalatti, \q2 lafa balbalti haga bara baraa \q2 natti cufantetti gad bu'e. \q1 Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya ati ammoo, \q2 jiru'uun qilee keessaa na baatte. \q1 \v 7 Yennaa jiruun tiyya na dadhaddetti, \q2 Mootii Waan Maraa kiyya, \q2 ani gara keeti daadimadhe; \q2 Galma woyyicha keeti keessalle'ee \q2 daadimata kiyya naa dhageette. \q1 \v 8 Worri waaqota dharaa waaqonsu \q2 badhaadha dhaggatiisaaf malane hin dhaban. \q1 \v 9 Ani ammoo faaruu leellisaatiin; \q2 ciincaa si'iif hin dhikeessa. \q2 Waan waadaa si'iif galelle hin godha. \q1 Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe. \p \v 10 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka qurxummiin Yoonaas tuttuuf ajaje; qurxummiille lafa bisaan hin jirre irratti isa tutte. \c 3 \s1 Yoonaas Mootii Waan Maraatiif Ajajame \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa yennaa lammeesso'oo gara Yoonaasii dhufee, \v 2 «Ka'ii, gara Nanawwee qachaa guddichaa dhaqiitii ergaa ani si'itti himu kolba'aaf lallabi» jedheen \v 3 Maarre Yoonaas jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamee, Nanawwee dhaqe. Qachaan Nanawwe'ee guddaa waan te'eef, maddii tokko irraa ka'anee gara maddii taanii geyiisaaf deensa guyyaa sadii fudhata. \v 4 Yoonaas qachaa keessa seenee, deensa guyyaa tokkoo deemeen duuba, «Nanawween guyyaa afurtamatti baddi» jedhee lallabe. \p \v 5 Kolbaan Nanawwe'ee Waaqatti dhugeeffatte. Isaan cubbuu irraa akka deebi'ane mudhisiisaaf, nami marti guddaan, diqqaan akka laamuuf lassanee, woyaa gaddaa uffatane. \p \v 6 Mootichi qachaa Nanawwe'ee oduu tana yennaa dhage'e, barcumaa ulfinna ifii irraa ka'ee, woyaa ifii ifi irraa baasee, woyaa gaddaa uffatee daadhaa irra tee'e. \v 7 Achiin duuba mootichi gara kolbaa Nanawwe'ee lassii erge; lassiin baate sun mootichaa fi qondaaltota isaa biraa akka ajajametti: «Eennulle woy afaaniin hin qabin; horiin, hooleelle marra hin dheedin; bisaanille hin unin. \v 8 Nami martii fi horiin gadda uffatanuu ti. Nami duudiin jabeessee gara Waaqa daadimataa, karaa hammeenna ifii lakkisee hujii hantuu ifii irralle'ee deebi'uu ti. \v 9 Eentu beeka? Takki Waaqi nuu nayee, aarii hantuu ifii nu irraa caffatee, nulle hin bannu fa'a teeti» ta jettu. \p \v 10 Waaqi waan isaan godhanee fi karaa hamaa ifii irraa akka isaan deebi'ane yennaa dhagge, isaaniif nayee, badii isaan irratti geessisiisaaf yaade hin geessine. \c 4 \s1 Aarii Yoonaasiitii Fi Marartii Waaqaa \p \v 1 Yoonaas ammoo marroo waan kanaa guddoo gaddee aare. \v 2 Inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, «Mootii Waan Maraa kiyya, adoo biyya tiyya jiruu, wonni ani dubbadhe tanumaa motii ree? Ani tanaaf dafee gara biyya Tarshiishii baqadhe. Ati Waaqa arjaa, mararaa, ka aari'iif hin ariifannee fi ka jaalala bara baraa guddaa qaddu, waan hantuu fidiisaaf murteeffattelle ka lakkittu akka teete beekeera. \v 3 Amma Mootii Waan Maraa kiyya, lubbuu tiyya fudhadhu. Jiraatu'uu mannaa du'uu naa woyya» jedhe. \p \v 4 Mootiin Waan Maraa ammoo deebisee, «Aariis keeti sirri'ii?» jedheen. \p \v 5 Yoonaas qachaa keessaa bayee gara aduun baatutti tee'e. Achitti gosee midhaaffattee, waan qachaan sun te'u dhaggiisaaf gaaddisa jala tee'e. \v 6 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka Yoonaas aarii ifii caffatu buqqii lachisiisee, isaan gubba'atti gaaddisa godheef. Yoonaasille buqqii latte sanitti guddoo gammade. \v 7 Boruyyaa ammoo gara ganamaatitti, Waaqi akka corroxxi buqqii san nyaattu ajaje; buqqiille godde. \v 8 Yennaa aduun baate, Waaqi qilleensa o'aa ka gara aduun baatuu erge; o'i adu'uulle mataa Yoonaasii waan gubeef gaggabe. Maarre inni, «Jiraatu'uu manna du'uu naa woyya» jedhee du'u halche. \p \v 9 Waaqi ammoo Yoonaasiin, «Ati marroo buqqi'iitiif aariis keeti sirri'ii?» jennaan, \p Inni deebisee, «Ani haga du'aatitti aariisa qaba» jedhe. \p \v 10 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Ati buqqii itti dadhaddee hin guddisin, ta halkan tokkotti guddattee, halkan tokkotti godde saniif gadditeerta. \v 11 Qachaa guddaa Nanawwe'ee ka namooti kuma dhibba tokkoo fi diddam, ka middaa fi bitaa ifii addaan hin beenne, horiin hedduulle keessa ka le'u kanaaf guddoo nayuu hin qabu ree?» jedhe.