\id JOL - Guji Bible \ide UTF-8 \h Yo'elii Raagichaa \toc1 Kitaaba Yo'elii Raagichaa \toc2 Yo'elii Raagichaa \toc3 Yo'e. \mt1 Kitaaba Yo'elii Raagichaa \imt Seensa \ip Yo'eliin raagichi yoom akka lafa irra le'ee fi marroo dabarsii le'ii isaa wonni guddoon beekkamu hin jiru; te'uu malee kitaab isaa kun ka dhaggame dhaloota Kiristoosiitiin dura gara jaarraa shaneesso'oo yookiin arfeesso'ootitti, yennaa mootummaa mootii moototaa ta Faaresii akka te'e herregama; inni lafa Israa'eliititti yennaan hubiisi awwaannisaatii fi caami badii guddoo fidu akka dhufu'uu jiru hima; wonni kun guyyaan dhufa Mootii Waan Maraa ka dhikaate akka te'e akka mudhittu dubbata; guyyaan Mootii Waan Maraa yennaa dhufu, Mootiin Waan Maraa fedhii isaa balchittii worra mormanu mara akka adabu itti dabalee dubbata. Raagichi, kolbaan cubbuu irraa akka deebitu waamicha Mootii Waan Maraa himiisaan, cubbuu irraa deebinaan, Mootiin Waan Maraa addee duriititti isaan deebisee akka isaan eebbisu hubachiisa. Raaga isaa keessatti guddoo ka mudhatu, waadaa Mootiin Waan Maraa dhiiraa fi dubartii, dargaggootaa fi jaarsota, kolbaa ifii duudii irralle'etti Ayyaana ifii akka ergu ka himu. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Hubiisa awwaannisaa\ior 1:1—2:17\ior* \io1 Waadaa adde'etti deebi'iisaa\ior 2:18-27\ior* \io1 Guyyaa Mootii Waan Maraa\ior 2:28—3:21\ior* \c 1 \s1 Hubiisa Awwaannisaa \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Yo'elii ilma Phetu'elii dhufe kana: \q1 \v 2 Isin jaarsoleen dhage'a'a! \q2 Worri Yihudaa keessa jirtanu dhage'a'a! \q1 Wonni akkasii kun bara keessan keessatti, \q2 yookiin bara abbootii teessanii keessatti teetee beettii? \q1 \v 3 Waan kana ijoollee teessanitti hima'a; \q2 ijoolleen teessanille ijoollee ifiititti, \q2 ijoolleen isaaniille dhaloota dhufutti himanuu ti! \b \q1 \v 4 Ka ilmoolee awwaannisa irraa hafe, \q2 awwaannisi dargageessi nyaate; \q2 ka awwaannisa dargageessa irraa hafe, \q2 awwaannisi gugurdaan nyaate; \q2 ka awwaannisa gugurdaa irraa hafe, \q2 korophiis nyaate. \q1 \v 5 Daadhiin woyni'ii waan isin irraa citteef, \q2 isin worri machoottanu, dammaqa'aatii bowa'a! \q1 Isinille worri daadhii woyni'ii untanu, \q2 wiiccifadha'aa bowa'a! \b \q1 \v 6 Kolbaan hunnaameyyiin bandallaan biyya tiyya tinteerti; \q2 ilkaan isaanii akka ilkaan neenqaa, \q2 a'oon isi'ii akka a'oo neenqa dhala'aa ti. \q1 \v 7 Isaan woynii tiyya balleessane; \q2 muka harru'uu kiyyalle mummurane; \q2 quncee irraa quncisanee gatanee, \q2 dameeleen addaattee hatte. \b \q1 \v 8 Akka intala durraa woyaa gaddaa uffattee, \q2 nami isii kadhatu waan du'eef boottuu, \q2 isinille bowa'a! \q1 \v 9 Kennaan midhaaniitii fi daadhii woyni'ii \q2 Galma Mootii Waan Maraa irraa citte; \q2 tanaaf hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu \q2 wiiccifatanee bowan. \q1 \v 10 Fichaan duwwaa hafeera; \q2 midhaan badeera; \q2 muki woyni'ii gogeera; \q2 muki ejersaalle qooreera; \q2 tanaaf latti hin bootti. \b \q1 \v 11 Qamadi'ii fi garbuun, \q2 midhaan galfamu martinuu waan badeef, \q2 isin qonnaan bultooti gadda'a! \q2 Isin worri woynii dhaabulle bowa'a! \q1 \v 12 Muki woyni'iitii fi harru'uu qooreera; \q2 muki rumaani'ii, muki meexxi'iitii fi appilii, \q2 muki ficha'aa duudiin gogeera; \q2 gammadi ilmaan namaa badeera. \q1 \v 13 Kennaan midhaaniitii fi daadhii woyni'ii \q2 ta Galma Waaqa keessaniitiif dhikeessitanu waan hin jirreef, \q2 isin hayyooti woyaa gaddaa uffadha'aatii bowa'a! \q2 Isin worri addee ciinca'aatitti tajaajiltanu, wiiccifadha'a! \q2 Isin hayyooti Waaqa kiyya tajaajiltanu \q2 woyaa gaddaa uffadha'aatii halkan duudii bowa'a! \q1 \v 14 Laamaa woyyicha lassa'a! \q2 Yaa'ii woyyittii waama'a! \q2 Jaarsole'ee fi worra biyya san le'anu mara, \q2 Galma Mootii Waan Maraa Waaqaa keessaniititti wolitti qaba'a! \q2 Gara Mootii Waan Maraalle iyya'a! \q1 \v 15 Aanne'e! Guyyaan Mootii Waan Maraa dhikaateera! \q2 Waaqi waan mara dande'u guyyaan inni badii fidu dhikaateera. \q1 \v 16 Sagaleen ila teenna duraa, \q2 gammadii fi ililleessi Galma Waaqa keennaa keessaa, \q2 ijjumaa badeera. \q1 \v 17 Sanyiin facaafante biyyee jalatti korondhatteerti. \q2 Midhaan waan badeef, manni kuusaa duwweera; \q2 gootaraalle diigameera. \q1 \v 18 Loon marra waan dhabaneef, madhataa asii achi yaa'an; \q2 hoolotille rakkatiissatti jiran. \q1 \v 19 Ee Mootii Waan Maraa! Marra diidaa ibiddi waan fixeef, \q2 muka badda'aalle ibiddi waan gubeef, \q2 ani gara keeti iyya. \q1 \v 20 Maddi bisaanii isaan irraa waan gogeef, \q2 marri diidaa isaan irraa waan gubateef, \q2 bineensinuu gara keeti iyya. \c 2 \s1 Guyyaa Mootii Waan Maraa \p \v 1 Xiyoonitti tultullaa afuufa'a! \q2 Gaara Xiyoonii woyyicha irratti \q2 qoonqoo dammassitu dhageessisa'a! \q1 Guyyaan Mootii Waan Maraa ariifatee waan dhufaaruuf, \q2 worri lafa san le'u marti hollatuu ti! \q1 \v 2 Guyyaan sun guyyaa dukkanaatii fi dimimmisaa, \q2 guyyaa duumensaatii fi dukkana duuddu'uu ti; \q2 akka boruun dayya'ee gaara irra babadhatu, \q2 awwaannisi baca'aa fi hunnaamessi lafa guuta. \q1 Wonni waan kana fakkaatu tanaan dura hin teene, \q2 haganaa achille ijjumaa hin teetu. \q1 \v 3 Dura isaaniitiin ibiddi gubaa deema; \q2 duuba isaaniille'een bobe'i gubaa deema; \q2 latti isaan bira hin geyin, \q2 oorruu Edenii fakkaatti; \q2 latti isaan bira dabarane ammoo, \q2 goomolee duwwaa fakkaatti; \q2 wonni isaan jalaa miliqu tokkolle hin jiru. \q1 \v 4 Isaan farda fakkaatan; \q2 akka farda lolaa gulufan. \q1 \v 5 Akka garreettaa fardaa hididdisaa, \q2 gaarota gubbaa utaalan; \q2 akka ibidda huura gubuu, \q2 waan mara guban; \q2 akka loltoota jajjaboo lolaaf qophowanee, \q2 gogeessaan yaa'an. \q1 \v 6 Yennaa isaan dhaggite, kolbaan hin bararaxxi; \q2 fuulli namaa soda'aan shankallowa. \q1 \v 7 Akka duultotaa lolan; \q2 akka loltootaa dalleya yaabanee dabaran; \q2 tarre'een gara duraa yaa'an; \q2 gara ifii yaa'anu irraa hin goranu. \q1 \v 8 Tokko tokkoon isaanii, \q2 tarre'een gara duraa yaa'an; \q2 woraanaa fi guubee diinaa caccassanee dabaran; \q2 wonni isaan dhooggu hin jiru. \q1 \v 9 Gara qacha'aa timan; \q2 dalleya qacha'aa irra fiigan; \q2 utaalaa mana yaaban; \q2 akka hattu'uu fodda'aan seenan. \b \q1 \v 10 Latti isaan duratti hin tachooti; \q2 gubbaalle hin raafanti. \q1 Adu'uu fi jiin dukkanowan; \q2 urjootille ifiisa hin lakkisan. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu \q2 loltoota ifii irratti dhageessisa; \q2 loltooti isaa attam attam heddu'u! \q1 Worri isaaf ajajamu bandalla'a; \q2 dhugumaan guyyaan Mootii Waan Maraa gudda'a; \q2 guddoo sodaachisaa waan te'eef, \q2 guyyaa san eentu dande'ee dhaabbata? \q1 \v 12 Mootiin Waan Maraa, «Ammumaayyuu, gadhaa keessan tokkochaan, \q2 laamaan, bowaa fi gaddaan gara kiyya deebi'a'a!» jedha. \q1 \v 13 Gadda keessan mudhisiisaaf, \q2 woyaa teessan tarsaasiis hin gewu; \q1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arjaa, mararaa, \q2 mufi'iif ka hin ariifanne, ka jaalala bara baraa guddaa qabu, \q2 adabiisaafille ka hin ariifanne, waan te'eef, \q2 gara isaa deebi'a'a! \q1 \v 14 Akka wotoo, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan \q2 mufii irraa deebi'ee, \q2 eebba ifii isiniif hin kenna fa'a. \q1 Isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif, \q2 kennaa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii hin dhikeessitan. \b \q1 \v 15 Xiyoon keessatti tultullaa afuufa'a! \q2 Laama woyyicha lassa'a! \q2 Yaa'ii woyyittii waama'a! \q1 \v 16 Kolbaa wolitti qaba'aatii, \q2 yaa'ii woyyitti'iif qopheessa'a; \q2 jaarsolee waama'a; \q2 ijoolle'ee fi daa'immaan harmaalle wolitti qaba'a; \q2 waajibootinuu kolloo ifii lakkisanuu ti. \q1 \v 17 Hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu, \q2 seensuma Galma Waaqaatii fi addee ciinca'aa wodhakka'atti bowanuu ti. \q1 Isaan, «Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti marari; \q2 gosi dhibiin, ‹Waaqi keessan meet?› jedhiisaan, \q2 akka nu tuffatanuu fi qaanessanu hin godhin» jedhanuu ti. \s1 Deebii Waaqi Kolbaa Ifiitiif Kenne \q1 \v 18 Mootiin Waan Maraa lafa ifiitiif hinaafee, \q2 kolbaa ifiille marare. \q1 \v 19 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif deebisee, \q2 «Kunoo, ani midhaan, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa, \q2 haga quuttanutti isiniif hin kenna; \q2 ani haganaa achi, \q2 gosa biyya adda addaa oddu'utti \q2 akka qaanottanu hin godhu. \q1 \v 20 Awwaannisa gara kaabaatii isinitti dhufe \q2 isin irraa fageessa; \q2 gara goomole'eetii fi gara lafa urmaa isin irraa hin oofa; \q2 ka dura yaa'u gara abbaayaa baya adu'uu, \q2 ka duuba yaa'u gara abbaayaa seensa adu'uu hin oofa. \q2 Achitti reeffi isaanii shamee hin ajowa. \q1 Dhugumaan ani Mootiin Waan Maraa \q2 waan guddoo isiniif godheera. \b \q1 \v 21 «Ee lafa, hin sodaatin. \q2 ani Waaqi waan guddoo waan sii godheef, \q2 gammadii firinxiix! \q1 \v 22 Isinille bineensota hin sodaatina'a; \q2 marri itti bobbaatanu bisilee te'eera. \q2 Mukille midhaan buuseera; \q2 muki Harru'uutii fi muki woyni'ii midhaan bacaa buuseera. \b \q1 \v 23 «Isin kolbaa Xiyoonii! \q2 Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniin \q2 gammada'aatii firinxiixa'a; \q2 inni yenna'aan, \q2 akkuma durii bokkeya dansaa \q2 ka duraatii fi duubaa isiniif kenneera. \q1 \v 24 Eeddummeen midhaaniin ta guutante hin teeti; \q2 daadhiin woyni'iitii fi zayitiin ejersaa \q2 addee itti cunfantu guuttee irraan dhangalaati. \q1 \v 25 Bara heddu'uuf akka loltoota guddo'oo ka ani isinitti ergee, \q2 midhaan awwaannisi gugurdaan, \q2 korophiis, ilmooleen awwaannisaatii fi \q2 awwaannisi dargaggeeyyiin isin irraa fixane \q2 ani isiniif hin deebisa. \q1 \v 26 Nyaattanee hin quuttan; \q2 ka waan baasaa hedduu isinii godhe \q2 ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hin leellifattan; \q2 isin kolbaan tiyya haganaa achi hin qaanottanu. \q1 \v 27 Kolbaa tiyya! Ani akka odduu teessan jiru, \q2 Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'ee fi \q2 ana malee Mootiin Waan Maraa dhibiin akka hin jirre hin beettan. \q2 Haganaa achi kolbaan tiyya deebitee hin qaanottu» jedhe. \s1 Guyyaa Mootii Waan Maraa \p \v 28 Ani Mootiin Waan Maraa, «Kanaan duuba, Ayyaana kiyya \q2 nama mara irratti hin dhangalaasa; \q2 ilmaanii fi ijoolleen durraa teessan raaga hin dubbatan; \q2 jaarsoleelle oojjuu hin oojjatan; \q2 dargaggootille mudhii hin dhaggan. \q1 \v 29 Yennaa san, \q2 ani tajaajiltoota tiyya dhiiraa fi dubartii irratti \q2 Ayyaana kiyya hin dhangalaasa. \b \q1 \v 30 «Gubba'aa fi lafa irratti, waan baasaa, \q2 dhiigaa fi ibidda, duumensa aaraalle hin mudhisa. \q1 \v 31 Guyyaan Mootii Waan Maraa gudda'aa fi sodaachisaan \q2 adoo hin dhufiniin dura, \q2 aduun hin dukkanootti; jiin dhiiga hin uffata. \q1 \v 32 Worri maqaa Mootii Waan Maraa waamu marti hin fayya; \q2 akkuma ani Mootiin Waan Maraa jedhe, \q2 worri ani waame gaara Xiyoonii irratti, \q2 Yerusaalem keessalle'etti hafee hin fayya» jedhe. \c 3 \s1 Mootiin Waan Maraa Gosa Biyya Adda Addaatitti Hin Mura \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, \q1 «Bara sanii fi yennaa sanitti, \q2 boojuu Yihuda'aatii fi Yerusaalemii \q2 yennaa deebisu, \q2 \v 2 gosa biyya adda addaa mara wolitti qabee, \q2 dhooqa Yoshaafaaxiititti\f + \fr 3:2 \fr*\fqa Yoshaafaax: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Mootiin Waan Maraa mure \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* hin geessa; \q2 sababa isaan kolbaa tiyya Israa'el \q2 biyya ormaatitti bittinneessanee, \q2 lafa tiyya qoqoodataneef, \q2 achitti isaanitti mura. \q1 \v 3 Kolbaa tiyya ta booji'ante qoodamiisaaf, \q2 hixaa buufataneeran; \q2 ilmaan dhiiraa \q2 dubartii woliin sagaagalaneef gatii kennanee, \q2 ijoollee durraa daadhii woyni'iititti gurguratanee \q2 ittiin unane. \p \v 4 «Isin worri Xiiroosii fi Sidoonii, adaala Filisxeemotaa keessa worri jirtanu maraayyuu, maan ana irraa qaddan? Ana haluu bayiisaaf teetanii? Yoo akkas teetanu te'e, ani hujii teessan ariifadhee mataa keessanitti hin deebisa. \v 5 Meeti'ii fi worqii tiyya, akkasuma meya kiyya ka gatii guddoo qabu fudhattanee galma keessan keessa keyattaneertan. \v 6 Namoota Yihuda'aatii fi Yerusaalemii biyyaa isaanii irraa fageessiisaaf, worra Giriikootaatitti gurgurtaneertan. \v 7 Amma ani addee isin isaan itti gurgurtane san lakkisanee akka ka'anu isaan hin godha. Waan isin isaan gootane, anille isin hin godha. \v 8 Ani ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa namoota Yihuda'aatitti akka gurguramanu hin godha; isaanille dabarsanee namoota Saaba'aa, ka biyya fago'ootitti isaan hin gurguratan. \b \q1 \v 9 «Lassii tana gosa biyya adda addaatitti lassa'a; \q2 lolaaf qophowa'a; \q2 loltoota kakkaasa'a; \q2 loltooti teessan martinuu as dhikaatanee lolanuu ti. \q1 \v 10 Qottoo teessan shallaagaa, \q2 haantuu teessan eboo tunsiifadha'a; \q2 nami dadhabaalle, ‹Ani jaba'a› jedhuu ti. \q1 \v 11 Isin gosi biyya adda addaa duudiin, \q2 dafa'aa baya'aatii, \q2 dhooqatti wolitti dacha'a'a!» jedha. \b \q1 Ee Mootii Waan Maraa loltoota teeti gad ergi. \q1 \v 12 Gosi biyya adda addaa martinuu ka'anee, \q2 gara dhooqa Yoshaafaaxii dhaqanuu ti; \q2 ani Mootiin Waan Maraa, \q2 gosa biyya adda addaa ta adaala saniititti muriisaaf, \q2 achi hin tee'a. \q1 \v 13 Hammeenni isaanii guddoo bacateera; \q2 akka midhaan geye haantu'uun haamanu isaan haama'a; \q2 akka unkuruura woyni'ii addee itti cunfanutti guutanee dhiitanu dhiita'a! \q1 \v 14 Guyyaan Mootiin Waan Maraa dhooqa mura'aa keessatti muru dhikaateera; \q2 tanaaf gumiin bindillaan dhooqa mura'aa keessatti wolitti qabanteerti. \q1 \v 15 Adu'uu fi ji'i hin dukkanowan; \q2 urjootille ifa hin kennanu. \q1 \v 16 Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessaa akka neenqaa dhangaa dhowa; \q2 Yerusaalem keessalle'ee hin mandi'a; \q2 gubba'aa fi latti hin raafaman; \q1 Mootiin Waan Maraa ammoo kolbaa ifii Israa'eliif, \q2 addee itti baqatanu kushee hin te'a; \s1 Waaqi Kolbaa Ifii Hin Eebbisa \q1 \v 17 Tanaaf kolbaa isaatiin, «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, \q2 Waaqa keessan akka te'e hin beettan; \q1 Gaara woyyicha kiyya Xiyoon irra hin le'a; \q2 Yerusaalemille qachaa woyyicha hin teeti; \q2 ormi deebi'ee ijjumaa isii hin qabatu. \b \q1 \v 18 «Guyyaa sanitti gaarri duudiin muka woyni'ii hin uffata; \q2 kooba irratti loon aanan mirganu hin dhaggaman; \q2 lagi Yihudaa keessa jiru duudiin bisaaniin guutama; \q2 Galma Waaqaa keessaa bisaan hin burqa; \q2 dhooqa muka gololchaa\f + \fr 3:18 \fr*\fqa Muka gololchaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Shiixiim \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* hin obaasa. \b \q1 \v 19 «Sababa namooti Gibxi'iitii fi namooti Edoomii Yihudaa irratti hammeennaan ka'anee, \q2 biyya isaanii keessatti \q2 dhiiga nama balleessaa hin qannee dhangalaasaneef, \q2 biyyi Gibxi'ii goomolee hin teeti; \q2 Edoomille goomolee ona hin teeti. \q1 \v 20 Ammoo biyya Yihuda'aa keessa kolbaan haga bara baraa hin leeti; Yerusaalem keessalle dhalootaa haga dhalootaatitti hin leeti; \q1 \v 21 Haluu dur namoota Yihuda'aatii fi namoota Yerusaalemiitiif hin baasin ture, \q2 amma hin baasaaf. \q1 Ani Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irra hin le'a» jedheera.