\id JOB - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Iyoobii \toc1 Kitaaba Iyoobii \toc2 Kitaaba Iyoobii \toc3 Iyo. \mt1 Kitaaba Iyoobii \imt Seensa \ip Kitaab Iyoobii dabarsii marroo namicha dansaa rakkoon jaddu'uu fi balaan irra dhaqqabe tokkoo hima. Nami kun ijoollee ifiitii fi qabeenna ifii mara dhabiisa qofa adoo hin te'in, madaa hantu'uun farre. Achiin duuba wolaloo sad ta akka mari'iitiin dhikaatteen Iyoobii fi jaaloti isaa haala farrisiisaa akkanaatiin waan itti dhage'ame mudhisan. Dhuma irratti Waaqi ifiifuu Iyoobitti mudhata. \ip Jaaloti Iyoobii rakkoo isa irra dhaqqadde yaada dhugeeffannaa aada'aatiin diidessan. Tanaaf isaan, «Waaqi nama qajeela'aaf waan dansaa kenna; nama hamaa hin adaba; tanaaf Iyoob cubbuu waan hujeef rakkoon tun isa irra dhaqqadde» jedhan. Iyoob nama balcha'aa fi qajeelaa waan te'eef, adabbiin hantuun tun ammoo ta isa irra dhaqqabu'uuf hin malle. Wonni hiibboo te'e nama balchaa akkasii irratti adabbiin hantuun dhaqqabiisa. Iyoob dhugeeffannaa ifii irraa duubatti deebi'iisa dhabulle, Waaqi muraa sirri'ii isaaf kennee, akka bilisa isa baasuu fi akka duriititti akka isa deebisuuf Waaqa jabeessee gaafatiisa hin lakkinne. \ip Waaqi gaaffii Iyoobiitiif deebii tokko tokkoon kennuu dhabulle, dhugeeffanna'atti jabaatiisa isaa, hunnaa fi qarooma ifii ka adda te'een bifa wolaloo baaseffachiittuun deebii isaaf kenneera. Achiin duuba Iyoob, Waaqi gudda'aa fi qaroo akka te'e hubatee, sodaa male'ee fi dubbii mufi'iitiin waan itti dubbateef gaabbee, araara galeera. \ip Dhuma irratti kutaan barreeffama karaa wolaloo hin te'iniin barreeffame, Iyoob akka duriititti akka deebi'ee fi karralle ta durii caala'aayyuu akka dhaggate hubachiisa. Jaaloti Iyoobii rakkoon isa dhaqqadde sababa maaniitiif akka teete waan hin beekiniif, Waaqi guddoo isaan xixeera. Yaada dhugeeffannaa aada'aatiin caalaa Waaqi guddaa akka te'e ka hubate Iyoob qofaayyu. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Iyoob karra ifii, maatii ifiitii fi fayyaa ifii dhabe\ior 1:10—2:3\ior* \io1 Iyoob guyyaa dhalate abaare\ior 3:1-26\ior* \io1 Marii qaraa\ior 4:1—14:22\ior* \io1 Marii lammeesso'oo\ior 15:1—21:34\ior* \io1 Marii sadeesso'oo\ior 22:1—26:14\ior* \io1 Dubbii Iyoobii ta muumme'ee\ior 27:1—30:31\ior* \io1 Iyoob balleessaa akka hin qanne mirkaneessee dubbate \ior 31:1-40\ior* \io1 Dubbii Eliihuu\ior 32:1—37:24\ior* \io1 Dubbii Mootii Waan Maraa ta qaraa\ior 38:1—39:30\ior* \io1 Dubbii Mootii Waan Maraa ta lammeesso'ootii fi deebii Iyoobii\ior 40:1—42:6\ior* \io1 Waaqi deebi'ee Iyoob fayyisee, karraa fi maatii isaa eebbise\ior 42:7-17\ior* \c 1 \s1 Seexanni Iyoob Ataabe \p \v 1 Nami maqaan isaa «Iyoob» jedhamu ka lafa, «Uzi» jedhantu keessa le'u tokko jiraayyu; inni nama komii hin qanne, qajeelaa, ka Waaqa sodaatuu fi ka waan hantuu irraa fagaate. \v 2 Inni ilmaan torbaa fi ijoollee durraa sad, \v 3 hoolee kuma torba, gaala kuma sad, qotiyyoo ximmaadii dhibba shan, harree dhibba shanii fi tajaajiltoota hedduu qabaayyu. Worra gara aduun baatu jiru keessaa dureessi isa gewu hin jiruuyyu. \p \v 4 Ilmaan Iyoobii dabaree dabare'een mana mana ifiititti areerti'iif wol waamaniiyyu; obboleeyyan durraa sadiin ta ifiille waansisaa, isaan woliin nyaataa unaniiyyu. \v 5 Guyyaan areerti'iif wol waamanu dabareen duuba, Iyoob, «Ijoolleen tiyya gadhaa ifii keessatti Waaqa yakkitee, isa arrassiteerti fa'a» jedhee waan yaaduuf, isaan qulqulleessiisaaf ganama ba'aa ka'ee akka laakkossa isaaniititti ciincaa dhikeessaayyu; inni waan kana yennaa mara tolchaayyu. \p \v 6 Gaafa tokko ergantooti Waaqaa, Mootii Waan Maraa dura yennaa dhikaatane, Seexannille isaan woliin dhikaate. \v 7 Mootiin Waan Maraa, «Ati eessaa dhutte?» jedhee, Seexana gaafate. \p Seexanni deebisee, «Lafa irra asii fi achi, olii fi gad deddeebi'aa ture» jedhe. \p \v 8 Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Tajaajilaa kiyya Iyoob hubattee? Biyya lafaa irra nami akka isaa tokkolle hin jiru; inni nama komii hin qanne, nama qajeelaa, nama ana Waaqa sodaatuu fi hantuu irraa ka fagaate» jedhe. \p \v 9 Seexanni deebisee, «Iyoob sababa malee si Waaqa sodaataa ree? \v 10 Ati isaa fi maatii isaa, waan inni qabu duudi'itti dalleya marsitee ijaartee, hujii isaa duudii eebbittee, horii isaalle waan horsiitteefii motii ree? \v 11 Me harka keeti diriirsiitii waan inni qabu mara balleessi; inni iluma teeti duratti si hin abaara» jedhe. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Guddoo dansa'a; Iyoob quballe'een hin tuqin malee, waan inni qabu mara akka feete godhuu dandeetta» jedhe. \p Achiin duuba Seexanni Mootii Waan Maraa duraa bayee deeme. \s1 Dhuma Ijoollee Iyoobiitii fi Badii Karra Isaa \p \v 13 Gaafa tokko ilmaan Iyoobiitii fi ijoolleen durraa ta isaa mana obboleessa angaficha ifiititti nyaataa, daadhii woyni'ii uniisatti adoo jiranuu, \v 14 nami ergame tokko gara Iyoobii dhufee, «Nuuti qotiyyo'oon qotiisatti jirruun, harreeleelle kaloo nu biraa dheediisatti jirtuun, \v 15 dedhuma namooti Sheeba'aa isaan lolanee, tajaajiltoota shallaaga'aan ijjeesanee, horii dannabanee deemane; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe. \p \v 16 Adoo ergamaan sun dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Mandiisuun buutee hoole'ee fi tajaajiltoota teeti fixxe; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe. \p \v 17 Inniin kunille adoo dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Worri Kaldootaa addee saditti qoodamee, dedhuma nu lolee, gaala duudii fudhatee deeme; tajaajiltootalle shallaaga'aan ijjeese; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe. \p \v 18 Ergamaan kunille adoo dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Ilmaan teetii fi ijoolleen durraa teeti mana obboleessa angafichaatitti nyaataa, daadhii woyni'ii uniisatti jirtuun, \v 19 dedhuma hobonbolattiin goomolee irraa dhuttee, roga manaa arfanuu dhoottee, manni isaan irratti jigee dhumatane; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe. \p \v 20 Achiin duuba Iyoob ol ka'ee gaddaan woyaa ifii tarsaasee, mataa haadatee, lafatti gad gombifamee sagadee, \v 21 «Ani qullaa gadhaa haadha tiyyaatii dhaladhe. Yoo du'ulle qullaa tiyya deebi'ee deema. Mootiin Waan Maraa kenne; inninuu fudhate. Maqaan isaa leellifamuu ti!» jedhe. \p \v 22 Tana duudii keessatti Iyoob cubbuu hin hunye; Waaqa irralle'etti hantuu hin dubbanne. \c 2 \s1 Seexanni Ammalle Iyoob Ataabe \p \v 1 Gaafa dhibiille ergantooti Waaqaa, Mootii Waan Maraa duratti yennaa dhikaatane, Seexannille isaan woliin dhikaate. \v 2 Mootiin Waan Maraa, Seexanaan, «Ati eessaa dhutte?» jedhee gaafate. \p Seexanni deebisee, «Lafa irra asii fi achi, olii fi gad deddeebi'aa ture» jedhe. \p \v 3 Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Tajaajilaa kiyya Iyoob hubattee? Biyya lafa irra nami akka isaa tokkolle hin jiru; inni nama komii hin qanne, nama qajeelaa, nama ana Waaqa sodaatuu fi hantuu irraa ka fagaate. Ati akka ani sababa malee isa irratti ka'ee, isa balleessuuf na kakkaatteerta; inni ammoo haga ammaalle addatamummaa ifii eegateera» jedhe. \p \v 4 Seexanni deebisee Mootii Waan Maraatiin, «Inni fayya'a, gogaan isaatuu hin tuqanne; nami fayyaa ifiitiif, waan qabu mara hin kenna. \v 5 Me amma, harka keeti diriirsiitii lafee isaatii fi foon isaa miidhi; inni fuula duratti si abaara» jedhe. \p \v 6 Maarre Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Guddoo dansa'a, lubbuu isaa hin ijjeesin malee, akka feete isa godhuu dandeetta» jedhe. \p \v 7 Achiin duuba Seexanni fuula Mootii Waan Maraa duraa bayee deemee, faana miilaa irraa haga gubbaa mata'aatitti madaa hantuu Iyoobitti buuse. \v 8 Achiin duuba Iyoob ifi hooqatiisaaf bassoo fudhatee, daadhaa keessaa tee'e. \v 9 Niitiin isaa, «Ati ammalle addatamummaa teeti qabattee jirtaa? Waaqa abaariitii du'i!» jette. \p \v 10 Iyoob ammoo isi'iin, «Ati akkuma dubartiin gowwaan dubbattu dubbataarta; Waaqi waan dansaa yennaa nuu kennu gammadaan fudhanna; hantuulle hin fudhannuu ree?» jedhe; tana duudii keessatti Iyoob cubbuu hin hunye; hantuulle hin dubbanne. \s1 Jaalota Iyoobii \p \v 11 Jaaloti Iyoobii sadiin, Eliifaaz nami qachaa Temaanii, Beldaad nami lafa Shu'aahiitii fi Zofaariin nami lafa Naa'imaa waan hamaa Iyoob irra geye kana yennaa dhage'ane, isa woliin gaddiisaa fi isa jajjabeessiisaaf, wolii galanee addee jiranu irraa gara isaa dhufane. \v 12 Isaan fago'otti Iyoob yennaa dhaggane, isa te'uu isaa hubatuu hin dandeenne; eega hubataneen duuba gaddanee woyaa ifii tatarsaasanee, bukuu mataa ifii irra gara ol-gubba'aa bittinneessanee, qoonqoo guddo'oon bowane. \v 13 Isaan guyyaa torbaa fi halkan torba isa woliin lafa irra tee'ane; rakkoon isaa guddoo akka teete waan dhagganeef, isaan keessaa nami tokkolle wo isatti hin dubbanne. \c 3 \s1 Iyoob Guyyaa Itti Dhalate Abaare \p \v 1 Tanaan duuba Iyoob dubbatiisa jalqabe; inni guyyaa itti dhalate abaaree, \q1 \v 2-3 «Halkan ani itti dadame, \q2 guyyaan ani itti dhaladhelle \q2 ka abaarame te'uu ti! \q1 \v 4 Guyyaan sun gara dukkanaa jijjiiramuu ti. \q2 Waaqi ol-gubba'aa isa hin yaadatin; \q2 ifille isa irratti hin ifin. \q1 \v 5 Dimimmisaa fi dukkanti dimmi, \q2 ‹Ati keenna› isaan jedhanuu ti. \q1 Duumensi isa irratti bu'ee, \q2 dukkanti ifa isaa gollituu ti. \q1 \v 6 Halkan san dukkanti dimmi gollituu ti; \q2 guyyoota wogga'aa keessatti hin laakkowamin; \q2 laakkossa ji'aalle'etti hin galin. \q1 \v 7 Halkan sun maseena te'uu ti; \q2 ililleettiille hin dhage'amin. \q1 \v 8 Worri guyyaa abaaru, \q2 bineensa naacha fakkaatu \q2 ka, ‹Lewaataan› jedhamu kakkaasiisaaf qophowelle \q2 halkan san abaaruu ti. \q1 \v 9 Bakkalchi bari'ii ka halkan sanii dukkanoottuu ti. \q1 Halkan sun addi'iin ifa eegatuu ti, \q2 ammoo hin dhaggatin; \q2 boruulle hin dayya'iniif. \q1 \v 10 Guyyaan sun rakkinna ila tiyya duraa dhossiisaaf, \q2 balbala gadaamessa haadha tiyyaa, \q2 waan hin cufiniif ka abaarame te'uu ti. \b \q1 \v 11 «Ani maaf gadaamessa haadha tiyyaa keessatti hin du'in? \q1 Gadaamessa keessaa yennaa bayelle \q2 maaf hin badin? \q1 \v 12 Haati tiyya maaf gudeeda ifii irra keyatte? \q2 Harma ifiille maaf na hoositte? \q1 \v 13 Sila amma nageyaan irkadhee, \q2 rafee hin foorfadhaayyu. \q1 \v 14 Moototaa fi gorsitoota lafaa \q2 worra addee ifiif ijaarratanee \q2 isaan duraa diigante woliin, \q2 \v 15 sooreyyii gugurdoo worra worqi'ii fi meeti'iin \q2 mana ifii guutatane woliin sila hin foorfadhaayyu. \q1 \v 16 Yookiin ani maaf \q2 akka finna du'ee dhalatee awwaalamee, \q2 ka ijjumaa ifa hin dhagginii hin te'in? \q1 \v 17 Awwaala keessatti worri hamaan \q2 hammeenna ifii hin lakkisa; \q2 ka dadhabanelle achitti hin foorfatan. \q1 \v 18 Worri booji'ame \q2 achitti nageya dhaggatan; \q2 qoonqoo worra hunnaan isaan hujisiisuulle hin dhage'anu. \b \q1 \v 19 «Worri didiqqa'aa fi gugurdaan \q2 addee takka'atti dhaggaman. \q1 Garbootille goottota ifii jalaa \q2 achitti bilisa hin bayan. \q1 \v 20 Worra rakkoo hantuu keessa jiruuf ifi, \q2 worra le'iin itti hadhootteef \q2 jiruun maaf kennanti? \q1 \v 21 Worra du'a halchee, \q2 ka karra dhoffante qotee barbaadu caalaa \q2 ka du'a barbaaduuf \q2 jiruun maaf kennantii? \q1 \v 22 Worra awwaala bira yennaa gewu ilillisuuf \q2 jiruun maaf kennanti? \q1 \v 23 Nama karaan duraa dhoffameef, \q2 ka Waaqi karaa itti cufeef, \q2 ifi maaf kennamaaf? \q1 \v 24 Gaddi kiyya akkuma sagale'ee naaf dhufa; \q2 aadiis kiyya akkuma bisaanii dhangala'a. \q1 \v 25 Wonni ani sodaadhe natti dhutte; \q2 wonni na naasiselle na irratti te'e. \q1 \v 26 Ani raafama malee \q2 nageyaa hin qabu, miira hin qabu, \q2 fooralle hin qabu» jedhe. \c 4 \s1 Eliifaaz Iyoobitti Dubbate \p \v 1 Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii deebisee, \q1 \v 2 «Iyoob, yoo nami si woliin dubbatiisaaf sitti game \q2 hin ossattuu ree? \q2 Ammoo eentu dubbatuu lakkisaa ree? \q1 \v 3 Ati namoota hedduu barsiitteerta; \q2 worra dadhabaa harka qaddee jajjabeessiteerta. \q1 \v 4 Dubbiin teeti worra jigu utuddeerti; \q2 worra jilbi isaanii laafelle jabeessiteerta. \q1 \v 5 Amma ammoo rakkoon sitti dhuttee, \q2 addii kutatteerta; \q2 waan sitti jabaattelle'eef, \q2 jajjabeenna dhaddeerta. \q1 \v 6 Waaqa sodaatiis keeti, \q2 isatti addatiisa keeti \q2 qajeelummaan teetille \q2 addii teetii motiiyyuu ree? \q1 \v 7 «Me yaadadhu: \q2 nami balleessaa hin qanne, \q2 yookiin nami balchaan badee beekaa ree? \q1 \v 8 Akka ani dhaggetti \q2 worri waan hantuu qotuu fi \q2 rakkinna facaasu \q2 waanuma san haammata. \q1 \v 9 Isaan hafuura Waaqi isaanitti baafatuun \q2 hin badan; \q2 qilleensa aarii isaatille'een hin dhumatan. \q1 \v 10 Worri hamaan akka neenqaa dhangaa dhowa; \q2 qoonqoolle ol qabatee iyya; \q1 Waaqi ammoo \q2 ilkaan isaanii hin caccassa. \q1 \v 11 Akkuma neenqa waan adansee nyaatu dhabee du'uu \q2 isaanille hin du'an. \q1 Akkuma ilmeen neenqa dhala'aa bittinnoottu, \q2 ijoolleen isaaniille hin bittinnootti. \b \q1 \v 12 «Gaafa tokko ergaan takka gara kiyya dhuttee, \q2 gurri kiyyalle hasaassaa san dhage'e. \q1 \v 13 Halkan yennaa kolbaan hirriiba hamaa keessa jirtu, \q2 ani mudhii na sodaachittu dhaggee, \q2 \v 14 sodaadhee bararaqee, \q2 lafeen tiyya duudiin hollatte. \q1 \v 15 Qilleensi fuula na dhowee, \q2 nafi kiyya suugajjaye. \q1 \v 16 Achitti wonni takka dhaabbattuun dhagge; \q2 ammoo maan akka teete beekuu hin dandeenne. \q1 Achiin duuba cadheessa keessa, \q2 qoonqoo takka: \q1 \v 17 ‹Waaqa caalaa nami balchaa te'uu dande'aa? \q2 Yookiin ka isa dade duratti \q2 qulqulluu te'uu dande'aa? \q1 \v 18 Waaqi tajaajiltoota ifiituu \q2 ka hin addanne eega teete, \q2 ergantoota ifii ta ol-gubba'aa irralle'etti dokonkora ka dhaggu eega teete, \q2 \v 19 worra mana biyyee faaraa irraa hujamee, \q2 ta hundeen isaa biyyee keessa jirtu \q2 ka adoo qu'een hin nyaatin caccabu keessa le'anutti \q2 attam addata ree? \q1 \v 20 Isaan ganamaa haga galgalaatitti hin badan; \q2 adoo nami itti hin yaadatin \q2 haga bara baraa hin badan. \q1 \v 21 Isaan akka dongoraa dunkaani'ii ka buqa'uu, \q2 qarooma malee hin du'an› jettu dhage'e. \b \c 5 \q1 \v 1 «Iyoob! Nama deebii siif kennu \q2 yoo dhaggatte waami; \q2 woyyoota\f + \fr 5:1 \fr*\fqa Woyyoota: \fqa*\ft Isaan kun ergantoota Waaqaa ti.\ft*\f* keessaa \q2 gara kamii ilaalta? \q1 \v 2 Nama gowwaa aari'iittuu ijjeesa; \q2 wollaalaalle gaabbi'ittuu ijjeesa. \q1 \v 3 Gowwaan hidda naqatuun dhaggeera; \q2 ammoo dedhuma manni isaa abaarame\f + \fr 5:3 \fr*\fqa Abaarame: \fqa*\ft Yookiin diigame.\ft*\f*. \q1 \v 4 Ijoolleen isaa ijjumaa nageya hin dhaggattu; \q2 badhinna dalleya keessaa keessatti \q2 miidhaan isaan irra hin geetti, \q2 nami isaan baasulle hin jiraatu. \q1 \v 5 Worri beelowe \q2 midhaan isaa hin nyaata; \q2 ka qoree keessatti latelle hin lakkisanuuf. \q1 Worri dheebote \q2 qabeenna isaa hin saama. \q1 \v 6 Rakkoon biyyee keessaa ol hin baatu; \q2 gaargalli lafa irraa hin latu. \q1 \v 7 Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaatu, \q2 nami rakkinnaaf dhalata. \b \q1 \v 8 «Adoo na te'e \q2 Waaqa hin barbaadadha, \q2 rakkoo tiyyalle isatti hin himadha. \q1 \v 9 Inni waan gugurda'aa hin qorqoranne \q2 bilbaasa laakkowanee hin dandeennelle hin godha. \q1 \v 10 Inni lafa irratti bokkeya hin roobisiisa; \q2 fichaalle bisaan hin obaasa. \q1 \v 11 Worra gad qabame \q2 addee ulfinnaa hin keya; \q2 worra gadde addee nageyaatitti ol hin fuudha. \q1 \v 12 Worri maltooleen waan hujanu \q2 akka hin muummessineef, \q2 inni karoora isaanii hin gufachiisa. \q1 \v 13 Inni qaroolee maltummaa isaaniitiinuu qaba; \q2 mala maltoole'eelle hin balleessa. \q1 \v 14 Guyyaan isaanitti dukkanowee, \q2 akka halkaniititti \q2 saafowaan qaqqabataa deemanuu ti. \q1 \v 15 Worra hiyyeeyyii \q2 afaan shallaagaa diina isaanii jalaa, \q2 harka worra isaan cunqursuu jalalle'ee hin baasa. \q1 \v 16 Inni hiyyeeyyi'iif addii hin kenna, \q2 afaan worra hama'aa hin cufa. \b \q1 \v 17 «Nami Waaqi xixu ka gammade! \q2 Tanaaf xixicha Waaqa \q2 waan mara dande'uu hin tuffatin. \q1 \v 18 Waaqi hin madeessa \q2 ammoo deebisee hin hodha; \q2 inni si hin miidha \q2 harka ifiitiin ammoo si hin fayyisa. \q1 \v 19 Inni balaa jaa jalaa si hin baasa; \q2 torbeessoo irralle'etti miidham si hin tuqu. \q1 \v 20 Bara beelaa du'a irraa, \q2 lola keessatti shallaagaa irraa si hin woda. \q1 \v 21 Waaqi arraba hamaa irraa si hin eega; \q2 yoo badiin sitti dhuttelle hin sodaattu. \q1 \v 22 Badi'ii fi beelatti hin kollita; \q2 bineensalle hin sodaattu. \q1 \v 23 Fichaa qotattutti dhakaan si hin rakkisu; \q2 bineensotille si woliin nageya hin qabaatan. \q1 \v 24 Dunkaaniin teeti nageyaan akka jirtu hin beetta; \q2 yennaa hoolee teeti toowattu \q2 nageyaan isaan hin dhaggita. \q1 \v 25 Sanyiin teeti hedduu, \q2 ijoolleen teetille \q2 akka marra lafaa akka teetu hin beetta. \q1 \v 26 Akkuma qamadiin yennaa ifiititti \q2 wolitti qabantu \q2 atille dulloontee, geettee hin duuta. \b \q1 \v 27 «Kunoo, nuuti tana duudii qorqorreerra; \q2 tun dhuga'a; \q2 atille dhage'iitii beeki» jedhe. \c 6 \s1 Iyoob Deebii Kenne \p \v 1 Achiin duuba Iyoob deebisee, \q1 \v 2 «Farri tiyya adoo madaalantee, \q2 gaargalli kiyya duudiin \q2 madaallii irra adoo keyamee jiraatee, \q2 \v 3 maansa irga abbaaya'aa caalaa ulfaataayyu; \q2 tanaaf jarjariisaan dubbatiis kiyya \q2 si hin baaseffachiittu. \q1 \v 4 Waaqi waan mara dande'u \q2 daaya ifiitiin na woraanee, \q2 hadhaan isaalle \q2 nafa keessa na faca'eera. \q1 Bararaqiisi Waaqaa na marseera. \q1 \v 5 Harreen diidaa yennaa marra dheeddu, \q2 Yookiin qotiyyoon yennaa okeya nyaattu \q2 hin baroodii ree? \q1 \v 6 Sagalee hin mi'oonne \q2 soodda malee nyaatanii ree? \q1 Yookiin bisaan quupha'aa \q2 hin mi'owaa ree? \q1 \v 7 Ani sagalee akkasii tuqiisalle hin jibba; \q2 yoo nyaadhelle akka dhibamu na gooti. \b \q1 \v 8 «Maaloo waan gaafadhe \q2 adoo dhaggadhee, \q2 Waaqi halchaa tiyya \q2 adoo naaf guutee! \q1 \v 9 Fedha isaa teetee adoo na caccassee, \q2 harka ifii diriirsee adoo na balleessee, \q2 \v 10 tun silaa naaf jajjabeenna. \q1 Ani jecha Waaqa woyyichaa \q2 waan hin mormatiniif, \q2 dhibeen natti fakkantulle \q2 ani silaa gammadaan hin utaalaayyu. \b \q1 \v 11 «Jiru'uun le'iisaaf \q2 jabeenna maan qaba ree? \q1 Eega addii hin qabaatinii \q2 maaf le'a ree? \q1 \v 12 Jabeenni kiyya jabeenna dhaka'aatii ree? \q1 Foon kiyya sageettu'uu ree? \q1 \v 13 Dhugumaan ifi qarqaariisaaf hunna hin qabu; \q2 hunni tiyya duudiin na irraa fudhatanteerti. \b \q1 \v 14 «Nami jaala ifii ka rakkatteef marartii dhabu, \q2 Waaqa waan mara dande'u sodaatiisa lakkiseera. \q1 \v 15 Isin obboleeyyan tiyya ammoo, \q2 akka laga yennaa roobi hin jirree goguu \q2 na soddane. \q1 \v 16 Lagi sun ji'a gannaa \q2 dhakaa roobaatiin guutama. \q1 \v 17 Yennaa o'aa ammoo lagi sun hin dhabama; \q2 yennaa bonaa hin goga. \q1 \v 18 Daldaltooti bisaan barbaadata karaa irraa miliqanee, \q2 goomolee keessa daaqaa badan. \q1 \v 19 Daldaltooti Teema'aa \q2 bisaan hin barbaadatan; \q2 daldaltooti Sheebaalle bisaan \q2 dhaggatiisaaf addii godhatan. \q1 \v 20 Lagi isaan addatanu waan gogeef \q2 addii hin kutatan; \q2 addee san yennaa geyanu \q2 hin bilinjoyan. \q1 \v 21 Isinille akkuma laga goge sanii \q2 natti teetane; \q2 farra tiyya dhaggitanee sodaattane. \q1 \v 22 Ani ‹Woy naaf kenna'a! \q2 Karra teessaniin na woda'a! \q1 \v 23 Yookiin harka diinaa jalaa na baasa'a; \q2 yookiin harka worra na cunqursuu jalaa \q2 na woda'a!› jedheeraa? \b \q1 \v 24 «Ani hin cadhisa, \q2 isin na barsiisa'a; \q2 dokonkora kiyyalle natti hima'a. \q1 \v 25 Dubbiin dhuga'aa \q2 attam attam hunnaametti'i! \q1 Komiin teessan ammoo bu'aa hin qaddu. \q1 \v 26 Isin dubbii tiyya \q2 sirreessuu barbaaddanii? \q1 Dubbii ana nama addii kutateelle \q2 akka qilleensaatitti laakkottanii ree? \q1 \v 27 Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne irratti, \q2 hixaa buufattan; \q2 jaalota teessanille gurguriisaaf gadhassiittan. \b \q1 \v 28 «Amma ammoo, maganne'ee gara kiyya ilaala'a! \q1 Ani fuula keessan duratti dhara hin dubbadhaa? \q1 \v 29 Deebi'a'a; worra muraa dharaa muru hin te'ina'a; \q2 ammalle deebi'a'a; \q2 ani dhugaa irra jira. \q1 \v 30 Arraba kiyya irra dokonkorri hin jiraa? \q2 afaan kiyya waan hantuu \q2 addaan baasuu hin dande'uu ree? \b \c 7 \q1 \v 1 «Nami elo'oon lafa irra jiraataa motii? \q1 Barri isaalle akka bara \q2 nama qaxaramee hujuutii motii ree? \q1 \v 2 Akka garboolee gaaddisa jala foorfatiisa barbaadanuutii fi \q2 akka hojjatoota mindaa ifii eegatanuutii mootii? \q1 \v 3 Ji'ooti elo'oo naaf ka bu'aa hin qanne te'ane; \q2 halkan farraalle \q2 naaf kennamane. \q1 \v 4 Yennaa rafu ‹Yoom dammaqa?› jedhaa, \q2 halkan natti dheeratee, \q2 haga bariitutti asii fi achi \q2 gara gaggala. \q1 \v 5 Nafi kiyya duudiin \q2 corroqoyee qonyonyaayeera; \q2 babbaqaqeelle maloweera. \b \q1 \v 6 «Barri kiyya mooqaa harfa'aa\f + \fr 7:6 \fr*\fqa Mooqaa harfa'aa: \fqa*\ft Mooqaan harfa'aa kun ka worri woyaa dhowu suqaa keessa keyee gamaa fi gamanatti qolaanfatu.\ft*\f* \q2 caalaa ariifata; \q2 addii maleelle dhumata. \q1 \v 7 Ee Waaqa, jiruun tiyya akka hafuura baafatiisaa fi fudhatiisaa ti; \q2 ilti tiyya deebitee waan dansaa hin dhaggitu. \q1 \v 8 Ilti amma na dhaggitu, \q2 deebitee na hin dhaggitu; \q2 ati na hin barbaadda ani ammoo hin jiru. \q1 \v 9 Akkuma duumensi bittinnowee badu, \q2 nami du'ee awwaalamu deebi'ee hin ka'u. \q1 \v 10 Lammoo gara mana ifii hin deebi'u; \q2 worri isa beeku duudiin isa hin dedha. \b \q1 \v 11 «Tanaaf ani hin cadhisu; \q2 laalaa ayyaana kiyyaa hin dubbadha; \q2 hadhaa lubbuu tiyyaa irraa ta kaate hin gunguma. \q1 \v 12 Ati akka na eeganuuf ka goote, \q2 ani abbaaya'a moo bineensa guddaa abbaaya'aa ti? \q1 \v 13 Taqeen tiyya na jajjabeessiti; \q2 addeen ani rafu dhibee tiyya irraa goonsiti \q2 yennaa jedhu, \q2 \v 14 ati ammoo oojju'uun na sodaachitta; \q2 mudhille'een na bararassita. \q1 \v 15 Jiruu farraa tanaa mannaa \q2 suruurraa ifitti dhowee \q2 du'u naaf woyya. \q1 \v 16 Ani jiruu tiyya jibbeera; \q2 haga bara baraa le'iisa hin barbaadu; \q2 barri jiruu tiyyaa gabaabaa\f + \fr 7:16 \fr*\fqa Gabaabaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa baafata hafuuraa tokko \fqa*\ft jedha.\ft*\f* waan te'eef \q2 na lakkis. \b \q1 \v 17 «Akka nama barbaachisaa te'e tokkootitti akka isa ilaaltuuf, \q2 akka guddoo isa yaadattuufille nami maan inni? \q1 \v 18 Ati ganama ganama isa hin ilaalta; \q2 yennaa mara isa hin qorqorta. \q1 \v 19 Haguma hancufa liqinsu \q2 ila ana irra hin deebifattuu? \q1 \v 20 Waaqa namoota eeddu, \q2 ani yoo cubbuu huje maan si godhe? \q1 Maaf waan itti xiyyeeffattu na godhatte? \q2 Ani hagana mara ba'aa sitti te'ee? \q1 \v 21 Ati maaf balleessaa tiyya naaf hin araaramin? \q2 Maaf yakkaa tiyya ana irraa hin balleessin? \q1 Ani amma waan awwaalamuuf, \q2 ati na hin barbaadda, \q2 ani ammoo hin jiru» jedhe. \c 8 \s1 Biildaad \q1 \v 1 Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee, \q1 \v 2 «Haga yoomii dubbii akkasii dubbatta? \q2 Dubbiin afaan keetii baatu \q2 akka qilleensaa ti. \q1 \v 3 Waaqi muraa hin dassaa? \q2 Yookiin Waaqi waan mara dande'u \q2 dhugaa hin dassaa? \q1 \v 4 Ijoolleen teeti yoo Waaqa yakkitee jiraattee, \q2 inni adabbii cubbuu isaaniitiif \q2 dabarsee isaan kenne. \q1 \v 5 Ati ammoo yoo Waaqa barbaaddee, \q2 Waaqa waan mara dande'ulle yoo gaafatte, \q2 \v 6 ati qullu'uu fi qajeelaa yoo teete, \q2 inni dhugumaan si qarqaariisaaf hin ka'a; \q2 gara addee teetii \q2 ta si'iif maltetti si hin deebisa. \q1 \v 7 Jalqabi keeti diqqaa te'ulle, \q2 muummee irratti hin banqaaxxa. \b \q1 \v 8 «Me dhaloota durii gaafadhu \q2 waan abbootiin isaanii qorqoranee dhagganelle qalbeeffadhu. \q1 \v 9 Nuuti kalee waan dhalanneef, \q2 womaalle hin beennu. \q1 Barri keenna ka biyya lafaa irraalle \q2 akka gaaddisaa dabara. \q1 \v 10 Wonni isaan si barsiisanuu fi sitti himanu \q2 waan hubataneeranuu motii ree? \q1 \v 11 Allaaduun addee caffaan hin jirretti \q2 latuu dandeettii ree? \q1 Addee bisaan hin jirretti \q2 shonbooqqoon hin banqaaxxii ree? \q1 \v 12 Adoo kichu'uutuu \q2 adoo hin muramin \q2 biqiltoota dhibi'iin dura hin qooran. \q1 \v 13 Worri Waaqa dedhu duudiin \q2 akkasuma; \q2 addiin nama Waaqa malee le'uu hin baddi. \q1 \v 14 Inni waan akka kaso'otti citutti addata; \q2 addiin isaalle mana saaphuphu'uu\f + \fr 8:14 \fr*\fqa Saaphuphuu: \fqa*\ft Worri tokko tokko baatti-baarree jedhan.\ft*\f* ti. \q1 \v 15 Nami tokko mana saaphuphu'uutitti \q2 yoo irkate, manni sun hin dhaabbatu. \q1 Inni mana san yoo qabate, \q2 isa duraa hin cita. \q1 \v 16 Nami hamaan akka biqiltuu aduu keessatti dagaaguu ti; \q2 dameen isaa oorruu gubbaa babadhata. \q1 \v 17 Hiddi isaa tuulaa dhaka'aatitti marata; \q2 odduu rassa'aa keessalle karaa barbaadata. \q1 \v 18 Nami tokko addee isaa irraa yoo isa buqqise, \q2 addeen sun, \q2 ‹Ani si dhaggee hin beeku› \q2 jettee isa hin mormatti. \q1 \v 19 Kunoo, gammadi jiruu hidda sanii kanuma; \q2 biqiltuun dhibiin lafa san keessaa hin latan. \b \q1 \v 20 «Waaqi worra komii hin qanne hin gatu; \q2 yookiin worra hantuu huju hin qarqaaru. \q1 \v 21 Inni akka ati kollituu fi \q2 ilillittu si hin godha. \q1 \v 22 Worri si jibbu qaanii uffata; \q2 dunkaaniin worra hama'aa hin baddi» jedhe. \c 9 \s1 Iyoob \p \v 1 Achiin duuba Iyoob deebisee, \q1 \v 2 «Dhuguma tun dhugaa \q2 akka teete hin beeka. \q1 Ammoo nami attam Waaqa duratti \q2 balchaa te'uu dande'a ree? \q1 \v 3 Nami tokko Waaqaan falmuu \q2 yoo barbaade, \q2 gaaffii kuma keessaa takkattiille \q2 deebisee hin dande'u. \q1 \v 4 Waaqi qaro'o; hunnaamessalle'e; \q2 ka isa moromee, \q2 hin injifatamin eennuu? \q1 \v 5 Inni dedhuma gaara tatachoosee, \q2 aarii ifiitiin isaan hin balleessa. \q1 \v 6 Waaqi lafa addee isi'ii irraa hin tachoosa; \q2 utuboota lafaalle hin raasa. \q1 \v 7 Inni aduun akka hin baane hin ajaja; \q2 urjootille ifa akka hin kennine hin dhoogga. \q1 \v 8 Inni qofuu ol-gubbaa diriirse; \q2 danbalii bisaanii irralle hin ideema. \q1 \v 9 Tuuta urjootaa ka bineensa, ‹Doobbaa\f + \fr 9:9 \fr*\fqa Doobbaa: \fqa*\ft Bineensa Iyyaa fakkaatu.\ft*\f*› jedhamu fakkaatu, \q2 tuuta urjootaa ka, ‹Sadee\f + \fr 9:9 \fr*\fqa Sadee: \fqa*\ft Hiikkaan gariin Ooriyoon jedhan.\ft*\f*› jedhamu, \q2 tuuta urjootaa ka, ‹Torbii\f + \fr 9:9 \fr*\fqa Torbii: \fqa*\ft Hiikkaan gariin Piliyaadis jedhan.\ft*\f*› jedhamuu fi \q2 tuuta urjoota gara kibbaalle isatti dade. \q1 \v 10 Waan maade'ee ta qorqoranee bira hin geenne, \q2 bilbaasota laakkonnee hin dhaqqanne hin godha. \q1 \v 11 Yennaa inni na biraan dabaru, \q2 ani isa hin dhaggu; \q2 yennaa inni cinaa tiyya ideemu, \q2 ani isa hin hubadhu. \q1 \v 12 Yoo inni butee ideeme, \q2 eentu isa dhoogga? \q1 Eentu isaan, ‹Ati maan godhiisatti jirta?› jedha. \q1 \v 13 Waaqi mufii ifii duubatti hin deebisu; \q2 worri bineensa guddaa abbaayaa keessaa \q2 ka, ‹Rahaab› jedhamu qarqaaruuyyuu isaaf hin sagadan. \b \q1 \v 14 «Ani attam \q2 deebii isaaf kennuu dande'a ree? \q1 Ani isa woliin falmiisaaf, \q2 attamiin jechoota filatuu dande'a ree? \q1 \v 15 Ani yakkaa qabaatuu yoo dhabelle, \q2 abbaa mura'aa kiyya \q2 akka naaf mararu gaafadha malee, \q2 deebii isaaf kennuu hin dande'u. \q1 \v 16 Ani maqaa isaa waammadhee \q2 inni naaf yoo deebiselle, \q2 akka inni qoonqoo tiyya dhage'u hin dhugeeffadhu. \q1 \v 17 Inni bubbe'een na butucha; \q2 sababa malee madaa natti baceessa. \q1 \v 18 Inni hadha'aan na guuta malee, \q2 hafuura na hin fudhachiisu. \q1 \v 19 Marroo jabeennaa yoo teete, \q2 inni jaba'a. \q1 Marroo mura'aa yoo teete, \q2 gara addee mura'aa san \q2 ka isa waamuu dande'u eennu? \q1 \v 20 Ani yakkaa qabaatuu dhabulle \q2 afaan kiyyaayyuu natti mura; \q2 ani ka komii hin qanne te'ulle, \q2 ‹Daba'a› anaan jedha. \b \q1 \v 21 «Ani ka komii hin qanne te'ulle \q2 marroo mataa kiyyaa hin beeku; \q2 jiruu tiyyalle hin jibba. \q1 \v 22 Martinuu tokkuma; \q2 tanaaf ani, ‹Waaqi worra komii hin qannee fi \q2 worra hamaaleyyii hin balleessa› jedhe. \q1 \v 23 Yennaa balaan nama yakkaa hin qanne \q2 dedhuma ijjeesu \q2 Waaqi isatti hin qacifata. \q1 \v 24 Yennaa latti harka \q2 worra hamaaleyyi'iititti kennantu, \q2 Waaqi ila abbootii mura'aa \q2 ta lafa sanii hin golla. \q1 Isa yoo hin te'in, \q2 tana ka godhe eennu ree? \b \q1 \v 25 «Barri kiyya nama rukkisu caalaa ariifata; \q2 adoo waan dansaa hin dhagginuu dabara. \q1 \v 26 Akka hoboloo ariifattu'uu\f + \fr 9:26 \fr*\fqa Akka hoboloo ariifattu'uu: \fqa*\ft Hoboloon allaaduu irraa hujante waan ariifattuuf, hiikkaan gariin akka hoboloo allaadu'uu jedhan.\ft*\f*, \q2 akka risaa waan nyaatu butatiisaaf irii gad xinniquu dabara. \q1 \v 27 Ani, ‹Gungunsuu tiyya hin dedha; \q2 nyaara guuruu lakkisee, \q2 hin seeqadha› yoo jedhe, \q2 \v 28 akka nama yakkaa hin qanneetitti \q2 akka ati na hin ilaalle \q2 waan beekuuf \q2 farra tiyya duudii hin sodaadha. \q1 \v 29 Yakkaan eega natti murantu teete, \q2 maaf toluma dadhaba ree? \q1 \v 30 Nafa kiyya saamunaan, \q2 harka kiyya haraanja'aan \q2 yoo dhiqadhelle, \q2 \v 31 ati boolla haraa itti gatanu keessatti \q2 na gatta; \q2 woyaan tiyyaayyuu na jibbiti. \b \q1 \v 32 «Ani isa woliin \q2 gara kora mura'aa dhaqee \q2 deebii isaaf kenniisaaf, \q2 inni akka kiyya nama foon uffatee moti. \q1 \v 33 Nami anaa fi Waaqa wolitti araarsiisaaf \q2 wodhakkaa teennatti murtee kennu \q2 adoo hin jiraatuu! \q1 \v 34 Akka ani hin bararandheef, \q2 adoo Waaqi na adabuu dhabe, \q2 \v 35 ani sodaa malee, \q2 silaa isa woliin hin dubbadhaayyu; \q2 amma ammoo dubbatuu hin dandeenne. \b \c 10 \q1 \v 1 «Ani jiruu tiyya jibbeera; \q2 tanaaf ittuma gungumaa, \q2 hadhaa lubbuu tiyyaa hin dubbadha. \q1 \v 2 Ani Waaqaan, \q2 ‹Waan na loltuuf natti himi malee, \q2 natti hin murin! \q1 \v 3 Mala worra hamoole'ee fudhattee, \q2 hujii harka keetii tuffattee, \q2 na cunqursiisi si hin gammachiisaa? \q1 \v 4 Ati ila nama foonii qaddaa ree? \q2 Akkuma nami ilaalu ilaaltaa ree? \q1 \v 5 Guyyooti keeti akka guyyoota namaatii ree? \q2 Yookiin woggooti keeti akka woggoota namaatii ree? \q1 \v 6 Ati maaf yakkaa tiyya barbaaddee, \q2 cubbuu tiyya qorqorta? \q1 \v 7 Akka ani yakkaa hin qannee fi \q2 harka keeti keessaa nami na baasu \q2 akka hin jirre ati hin beetta. \b \q1 \v 8 «‹Ka miidhassee na dade harka keeti; \q2 amma deebitee na balleessitaa? \q1 \v 9 Faara irraa akka na dadde qaabadhu; \q2 ammalle biyye'etti na deebisu'uufii ree? \q1 \v 10 Ati akka aananii na dhangalaattee, \q2 akka itittu'uu na hin itichinee ree? \q1 \v 11 Goga'aa fi foon natti uffittee, \q2 lafe'ee fi ribu'uun wolitti qassiitte. \q1 \v 12 Ati jiru'uu fi jaalala bara baraa keeti \q2 naaf kenniteerta; \q2 eeddoon teeti \q2 na jiraachitteerti. \q1 \v 13 Ati ada waan kana \q2 gadhaa keeti keessatti dhoffatteerta. \q1 Kun karoora keeti akka te'e \q2 ani hin beeka. \q1 \v 14 Ani yoo cubbuu huje \q2 ati hin dhaggita; \q2 yakkaa tiyyalle \q2 adaddu malee hin lakkittu. \q1 \v 15 Hamaalessa yoo te'e, \q2 naaf aanne'e! \q1 Nama balchaa te'ulle \q2 dande'ee mataa kiyya ol hin qabadhu. \q1 Ani waan salphadheef \q2 rakko'oon guutameera. \q1 \v 16 Yoo mataa kiyya ol qabadhe, \q2 ati akka neenqaa na adansita. \q1 Na miidhiisaafille \q2 itti deddeebitee hunna teeti sodaachittuu \q2 natti mudhitta. \q1 \v 17 Ati dhugaa baatota haareya na irratti kaatta; \q2 mufii teeti natti fakkansita; \q2 loltoota haareya natti fidda. \b \q1 \v 18 «‹Waaqa kiyya, maaf akka ani dhaladhu na goote? \q1 Ilti nama tokkoolle \q2 adoo na hin dhaggin \q2 adoo du'ee hin jiraadhuu! \q1 \v 19 Adoo dhalatiisa hin dhabuu! \q2 Yookiin gadaamessa keessaa \q2 gara awwaalaa adoo hin geeffamuu! \q1 \v 20 Barri jiruu tiyyaa gabaaba'aa motii? \q2 Bara gabaabaa kana keessatti \q2 diqqumalle akka gammadu na lakkis. \q1 \v 21 Ani gara lafa deebi'anee hin gallee, \q2 lafa dimimmisaatii fi dukkana dimmaa, \q2 \v 22 gara lafa dukkana dimmaa \q2 gara lafa gaaddisa du'aa \q2 gara lafa nageya hin qannee, \q2 addee ifi akka dukkanaa te'e \q2 adoo hin dhaqin \q2 diqqumalle akka gammadu na lakkis› hin jedha» jedhe. \c 11 \s1 Zofaar \q1 \v 1 Achiin duuba Naa'imaatichi Zofaar deebisee, \q1 \v 2 «Dubbii hedduu tanaaf deebiin hin kennantuu ree? \q2 Nami dubbatticha te'eef dhugaa dhaggataa ree? \q1 \v 3 Iyoob, dharti teeti nama cadhisiittii ree? \q2 Yennaa ati murgitulle \q2 nami si xixu hin jiru seetaa? \q1 \v 4 Ati Waaqaan, ‹Barsiisi kiyya sirri'i; \q2 fuula Waaqaa duralle'etti \q2 ani qulqullu'u› jetta. \q1 \v 5 Ammoo adoo Waaqi afaan ifii saaqatee, \q2 sitti dubbate, \q2 \v 6 karaan qarumma'aa hedduu waan te'eef, \q2 dhossaa qarumma'aa adoo sitti mudhise, \q2 haga si'iif maltee gad \q2 akka inni si adabe hin beettaayyu. \b \q1 \v 7 «Gad fageenna dhossaa Waaqaa \q2 qorqortee beekuu dandeettaa? \q1 Waaqa waan mara dande'u \q2 qorqortee bira gewuu dandeettaa? \q1 \v 8 Guddinni isaa ol-gubbaa caalaa ol fagaata. \q2 Ati maan godhuu dandeetta ree? \q1 Gad fageenni isaalle qilee caalaa gad fagaata. \q2 Ati maan beekuu dandeetta ree? \q1 \v 9 Guddinni Waaqaa lafa caalaa dheerata; \q2 abbaayaa caalaalle badhata. \b \q1 \v 10 «Waaqi tana duudii irra dabaree dhufee, \q2 mana hidha'aatitti si galchee \q2 kora mura'aa sitti rare \q2 eentu isa dhoogguu dande'a? \q1 \v 11 Inni kolbaa woy hin baane hin beeka; \q2 inni yennaa yakkaa isaanii dhaggu \q2 cadhisee hin ilaalaa? \q1 \v 12 Yoo harreen diidaa nama dhalte qofa \q2 nami gowwaan qaroo te'uu dande'a. \b \q1 \v 13 «Ati gadhaa keeti yoo qajeelfatte, \q2 harka keeti gara Waaqaa yoo badhifatte, \q2 \v 14 yakkaa harka keeti keessa jirtu \q2 ifi irraa yoo fageessitee, \q2 wonni hantuun dunkaana keeti keessaa \q2 akka hin jiraanne yoo goote, \q2 \v 15 yennaa san dhugumaan qaanii malee, \q2 mataa keeti ol hin qabatta; \q2 sodaa maleelle jabaattee hin dhaabbatta. \q1 \v 16 Achiin duuba rakkoo teeti duudii hin deeta; \q2 akka lolaa yaa'ee dabaree qofa isii qaabatta. \q1 \v 17 Jiruun teeti ifa saafowaa caalaa hin itti; \q2 dukkantille akka ganamaa hin teeti. \q1 \v 18 Addiin waan jirtuuf atille addattee hin leeta; \q2 Waaqi waan si eeguuf \q2 sodaa malee fooraan hin leeta. \q1 \v 19 Eennulle adoo hin sodaatin hin ratta; \q2 worri hedduun si duratti \q2 fudhatama dhaggatiisa barbaadan. \q1 \v 20 Ilti worra hama'aa ammoo hin jaamti; \q2 karaa miliqanu hin dhaggatanu; \q2 muummeen isaanii du'a» jedhe. \c 12 \s1 Iyoob \p \v 1 Iyoob deebisee, \q1 \v 2 «Dhuguma isin qaroole'ee motii ree! \q2 Yennaa duutanulle \q2 qarummaan isin woliin duutii motii ree! \q1 \v 3 Ani ammoo akkuma keessan \q2 hubantii qaba; \q2 ani isinii gadii moti; \q2 waan akkasii kana \q2 eentu wollaala ree? \b \q1 \v 4 «Waaqa daadimadhee \q2 yennaan inni naaf deebise jirtiiyyu; \q2 amma ani waan jaaloti tiyya itti kollitu te'eera. \q1 Ani nami balchaan komii hin qanne \q2 waan nami duudiin itti kollu te'eera. \q1 \v 5 Worri itti tolte \q2 rakkinna nama rakkatee tuffatiis kaso'o; \q2 nama jigiisaaf tintimu hin darban. \q1 \v 6 Dunkaaniin worra saantotaa nageyaan jirti; \q2 worri Waaqa tuttuqee aarsu, \q2 worri Waaqa waan toowatu ifi seyu \q2 nageyaan le'a. \b \q1 \v 7 «Me bineensota gaafadhu; \q2 Isaan si barsiisan. \q1 Sinbirrootalle gaafadhu \q2 isaan sitti hin himan. \q1 \v 8 Yookiin lafa gaafadhu; \q2 isiin si hin barsiitti; \q2 yookiin qurxummiin abbaaya'aa \q2 sitti hin hinti. \q1 \v 9 Harki Waaqaa akka isaan dade \q2 isaan kana duudii keessaa \q2 ka hin beenne eennu ree? \q1 \v 10 Jiruun waan duudi'iitii fi \q2 hafuurri nama duudi'ii harka Waaqaa jiran. \q1 \v 11 Akkuma arrabi sagalee addaan baasee beeku, \q2 gurrille dubbii addaan hin baasa. \q1 \v 12 Qarummaa maanguddootatti qabaa motii ree? \q2 Hubantiille worra woggaa dheertuu \q2 le'etti qabaa motii ree? \b \q1 \v 13 «Qarumma'aa fi hunni ta Waaqaa ti; \q2 gorsaa fi hubantiille tama isaa ti. \q1 \v 14 Waan inni diige, \q2 nami tokkolle deebisee ijaaruu hin dande'u. \q1 Nama inni balbala itti cufe, \q2 nami tokkolle banuu hin dande'u. \q1 \v 15 Yoo inni bokkeya dhooggate \q2 oola'atti te'a; \q2 yoo inni bokkeya gad lakkise, \q2 lolaan lafa balleessa. \q1 \v 16 Jabeennii fi qarummaan ta isaa ti; \q2 ka sobuu fi ka sobamulle \q2 isaan lamaanuu baallii isaa jala jiran. \q1 \v 17 Inni gorsitoota mootichaa \q2 miila duwwaa akka booji'amanu hin godha; \q2 abbootii mura'aalle hin gowwoonsa. \q1 \v 18 Inni mootota \q2 barcumaa mootumma'aa irraa buusee, \q2 hidhantoota isaan godha. \q1 \v 19 Inni hayyoota irraa baallii isaanii mulqee, \q2 worra hunnaameyyiille hin fonqolcha. \q1 \v 20 Worra addatame cadhi godha; \q2 jaarsoleelle qarummaa hin dhoogga. \q1 \v 21 Inni qondaaltota hin salphisa; \q2 hidhata worra jajjabaa hin hiika. \q1 \v 22 Inni dhossaa dukkana keessaa hin mudhisa; \q2 dukkana dimma gara ifaa hin jijjiira. \q1 \v 23 Inni gosa biyya adda addaa \q2 hunnaameyyii hin godha; hin balleessalle'e; \q2 inni gosa biyya adda addaa hin baceessa; \q2 hin bittinnessalle'e. \q1 \v 24 Inni sooreyyii irraa hubantii isaanii hin mulqa; \q2 goomolee daandii hin qanne keessalle \q2 hin joonjisiisa. \q1 \v 25 Isaan ifa malee, \q2 dukkana keessa qaqqabataa akka ideemanu, \q2 akka nama machoweelle \q2 akka titimisanu hin godha. \c 13 \q1 \v 1 «Kunoo, tana mara ilti tiyya dhaggiteerti; \q2 gurri kiyyalle dhage'ee hubateera. \q1 \v 2 Waan isin beettanu anille hin beeka; \q2 ani isinii gadii moti. \q1 \v 3 Ani ammoo \q2 Waaqa waan mara dande'u woliin dubbadhee, \q2 haajaa kiyya isa woliin falmuu fedha malee, \q2 si woliinii moti. \q1 \v 4 Isin ammoo dharaan hallitan; \q2 isin akka ogeeyyii \q2 eennulle fayyisuu hin dandeennee ti. \q1 \v 5 Ani silaa adoo cadhittane fedha, \q2 sun isiniif qarummaa hin teetiiyyu. \q1 \v 6 Amma falmata kiyya dhage'a'a; \q2 iyyata afaan kiyyaalle caqasa'a. \q1 \v 7 Isin Waaqaaf jettanee dhara dubbattanii? \q2 Isaaf jettanee soballe dubbattanii? \q1 \v 8 Isin isaaf rogaartanii ree? \q2 Kora mura'aa duratti \q2 haajaa Waaqaaf falmitanii ree? \q1 \v 9 Waaqi yoo isin qorqore \q2 isiniif dansa'aa ree? \q1 Yookiin akkuma nama soddanu \q2 Waaqalle sobuu hin dandeettanii ree? \q1 \v 10 Isin dhossa'aan yoo roddane, \q2 inni dhugumaan isin hin xixa. \q1 \v 11 Arinyi isaa isin hin bararassuu ree? \q2 Ulfinni isaa isin hin sodaachisuu ree? \q1 \v 12 Mammaassi keessan \q2 akka daadha'aa bu'aa hin qabu; \q2 falmiin teessan akka faaraa caccaddi. \b \q1 \v 13 «Me na irraa cadhisa'a; \q2 wonni feete natti dhuttuutii, \q2 ani hin dubbadha. \q1 \v 14 Ani maaf ifi rakkisee \q2 lubbuu tiyyalle harkatti qabadhee le'a? \q1 \v 15 Waaqi yoo na ijjeeselle, \q2 ani isuma addadha; \q2 dhugaa tiyyalle isuma duratti falmadha. \q1 \v 16 Worri Waaqa malee le'u \q2 Waaqa dura dhikaatuu waan hin dandeenneef, \q2 kun fayyinna kiyyaaf te'a fa'a. \q1 \v 17 Dubbii tiyya akka dansaa caqasa'aatii, \q2 waan ani jedhulle \q2 gurri keessan dhage'uu ti. \q1 \v 18 Ani dubbii tiyya akka dansaa \q2 qopheeffadheera; \q2 akka dhugaa dhaggadhulle hin beeka. \q1 \v 19 «Ka na himatu jiraa ree? \q2 Yoo jiraate \q2 ani adoo hin falmatin cadhisee hin du'a. \b \q1 \v 20 «Ee Waaqa! \q2 Akka ani fuula keeti duraa hin dhokanneef, \q2 waan lamaan kana qofa si gaafadha: \q1 \v 21 Na adabiisa lakkisi; \q2 arnya keetille'een na hin bararassin. \q1 \v 22 Achiin duuba na waami, \q2 anille hin owwaadha. \q1 Yookiin ani hin dubbadha \q2 ati deebii naaf kenni. \q1 \v 23 Yakkaan tiyyaa fi cubbuun tiyya \q2 hagam heddatti? \q1 Balleessaa tiyyaa fi cubbuu tiyya \q2 natti himi. \q1 \v 24 Ati maaf fuula keeti na duraa dhoffattee, \q2 akka diina keetiititti na laakkotta? \q1 \v 25 Ati akka baala qilleensi fuudhee ideemuu na sodaachisaa, \q2 akka hicaacee goddu'uu na ariitaa? \q1 \v 26 Ati himannaa hadhoottuu \q2 na irratti barreessite. \q1 Gatii yakkaa bara ijoollummaa tiyyaalle, \q2 akka dhaggadhu goote. \q1 \v 27 Ati miila kiyya jirma oddu'utti hiiteerta; \q2 tarkaaffii tiyya duudii hin eedda; \q2 faana miila kiyyaalle hin qorqorta. \b \q1 \v 28 «Tanaaf ani akka waan shamee, \q2 akka woyaa qu'een\f + \fr 13:28 \fr*\fqa Qu'een: \fqa*\ft Yookiin barbaaraan yookiin qooqqannaan yookiin biliin jedhamuu hin dande'a.\ft*\f* nyaattee hin bada. \b \c 14 \q1 \v 1 «Barri nama foon uffatee gabaaba'a; \q2 sunuu rakko'oon ka guutame. \q1 \v 2 Inni akka daraara'aa mudhatee, \q2 yoosuma hin qoora; \q2 akka gaaddisaa adoo hin turin hin dabara. \q1 \v 3 Ati nama akkasii kana ilaaltaa ree? \q2 Mura'aaf ifi duratti na dhikeessitaa ree? \q1 \v 4 Waan qulqulluu hin te'in keessaa, \q2 waan qulqulluu baasuu ka dande'u eennu? \q2 Nami tokkolle hin dande'u. \q1 \v 5 Barri namaa ka murtaye; \q2 ji'i inni le'uulle si biratti ka laakkowame. \q1 Bara ati isaaf murteessite irra \q2 ka dabaru hin jiru. \q1 \v 6 Nami qaxaramee huju \q2 hujii ifii yennaa fixu akkuma gammadu, \q2 namille bara dadhabbii ifii keessa \q2 akka gammadu ossiif. \b \q1 \v 7 «Muki yoo murame \q2 deebi'ee waan latuu fi \q2 damee waan baafatuuf addii qaba. \q1 \v 8 Hiddi isaa lafa keessatti dulloomulle, \q2 jirmi isaalle biyyee keessatti gogulle, \q2 \v 9 foolee bisaaniitiin deebi'ee hin quunxa; \q2 akka biqiltuu reef lattuulle \q2 damee hin baafata. \q1 \v 10 Nami ammoo du'ee hin bada; \q2 eega du'e deebi'ee hin dhaggamu. \q1 \v 11 Akkuma bisaan abbaayaa keessaa ol fiilee dhabamuutii fi \q2 akka bisaan laga keessaa goguu, \q2 \v 12 akkasuma nami du'e \q2 deebi'ee hin ka'u; \q2 ol-gubbaan haga dabartutti hin dammaqu; \q2 yookiin hirriiba irraa hin ka'u. \b \q1 \v 13 «Mufiin teeti haga dabartutti \q2 addee worra du'eetitti adoo na dhossitee \q2 guyyaa murteessitee \q2 adoo na qaabatte hin fedhaayyu! \q1 \v 14 Nami eega du'e deebi'ee hin jiraataa ree? \q1 Haga foorri naa dhufutti, \q2 bara dadhabbi'iin lafa irra le'u duudii \q2 ossaan hin eegadha'a. \q1 \v 15 Ati na hin waanta; \q2 anille hin owwaadha; \q2 ati hujii harka keetii na hin dharraata. \q1 \v 16 Achiin duuba tarkaaffii tiyya duudii hin laakkotta; \q2 cubbuu tiyya ammoo natti hin heddu\f + \fr 14:16 \fr*\fqa Hin heddu: \fqa*\ft Yookiin herreddu\ft*\f*. \q1 \v 17 Akka huura subba keessa keyamee gatamuu, \q2 balleessaa tiyya duudii na irraa hin gatta; \q2 cubbuu tiyyalle hin balleessita. \q1 \v 18 Akkuma gaarri sigigaatee jijjigu, \q2 akkuma rassaalle addee ifii irraa ka'u, \q2 \v 19 akkuma bisaan dhakaa qoqqotu \q2 akkuma lolaan biyyee haru, \q2 atille akkasuma addii namaa hin balleessita. \q1 \v 20 Hunni teeti haga bara baraa \q2 isa irratti hin jabaatti; \q2 innille hin du'a. \q1 Bifa isaalle jijjiirtee \q2 ifi duraa hin balleessita. \q1 \v 21 Ilmaan isaa yoo ulfinna dhaggatanu, \q2 inni hin beeku. \q1 Yoo isaan salphatanulle \q2 inni hin dhaggu. \q1 \v 22 Dhibee nafa isaa qofatti itti dhage'ama; \q2 inni ifi qofaaf bowa» jedhe. \c 15 \s1 Eliifaaz \p \v 1 Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii deebisee, \q1 \v 2 «Nami qaroon \q2 dubbii hiikkaa hin qanne hin dubbataa? \q2 Gadhaa ifii keessalle'etti \q2 yaada miidhaa qabu qabatuu qabaa ree? \q1 \v 3 Inni dubbii bu'aa hin qanneen, \q2 yookiin haasowa woy hin baaneen \q2 hin falmataa ree? \q1 \v 4 Ati ammoo Waaqa sodaatiisa lakkitteerta; \q2 waaqonfannaa isaaf maltelle hin gufachiitta. \q1 \v 5 Yakkaan teeti dubbii teetiin beekkanti; \q2 ati ammoo akka worra malte'ee \q2 dubbatiisa filatta. \q1 \v 6 Dubbuma teetittuu sitti mura; \q2 arrabuma keetittuu \q2 dhugaa si irratti baya malee, \q2 anaa moti. \b \q1 \v 7 «Nama duudi'iin dura ka dhalate si'ii ree? \q2 Ati gaaroti adoo hin dadaminiin dura dadantee ree? \q1 \v 8 Marii Waaqaa ta dhossa'aa dhageetteertaa? \q1 Qarummaa nama duudi'ii ka beeku \q2 si qofa seetaa? \q1 \v 9 Waan nuuti hin beenne, \q2 maan beetta? \q1 Waan nu'uuf ifa hin te'in maan hubatte? \q1 \v 10 Worri mataan isaanii arrii te'e \q2 ka abbaa keeti caalaa dulloomane \q2 nu woliin jiran. \q1 \v 11 Jajjabeessiis Waaqaa \q2 yookiin jechi inni malaan sitti dubbate \q2 si hin gewuu? \q1 \v 12 Qalbiin teeti maaf si fudhattee ideenti? \q1 Aari'iin ila teeti maaf baatta? \q1 \v 13 Maaf Waaqatti aartee \q2 dubbiin akkasii afaan keetii baati? \b \q1 \v 14 «Nami qulqulluu te'uu hin dande'aa ree? \q2 Nami foon uffate balchaa te'uu dande'a ree? \q1 \v 15 Waaqi ergantoota ifiitittuu hin addatu; \q2 ol-gubbaanuu isa duratti qulqullu'uu moti. \q1 \v 16 Nami yakkaa akka bisaanii unu, \q2 attam attam bada'aa fi battowa'a ree! \b \q1 \v 17 «Ani waan dhagge hin dubbadha; \q2 sitti hima na caqasi. \q1 \v 18 Sunille waan worri qaroon \q2 abbootii ifii irraa fuudhee \q2 adoo hin dhossin dubbate. \q1 \v 19 Latti abbootii isaanii qofaaf kennanteertiiyyu; \q2 ormille odduu isaanii hin leene. \q1 \v 20 Nami hamaan ka nama cunqursaa le'e, \q2 bara ifii duudii farraa le'a. \q1 \v 21 Qoonqoon bararassitu gurra isaatitti iyyiti; \q2 yennaa wonni marti nageya itti fakkaattutti \q2 ka balleessu isatti hin dhufa. \q1 \v 22 Shallaagaan isa waan eegatuuf \q2 inni dukkana keessaa bayiisaaf \q2 addii hin qabu. \q1 \v 23 Sagalee allaatti'ii te'iisaaf hin joonja; \q2 guyyaan dukkanaa akka isatti dhikaatelle hin beeka. \q1 \v 24 Gaddaa fi laaleffati isa bararassan; \q2 akka mooticha lolaaf qophowee itti hammaatan. \q1 \v 25 Inni harka ifii Waaqa irratti waan kaaseef, \q2 Waaqa waan mara dande'u irratti \q2 jabaa waan ifi fakkeesseef, \q2 \v 26 mataa jabinnaan wontee ifii \q2 furdoo-jadduu fudhatee \q2 ifi irraa dhooggatiisaaf itti fiiga. \b \q1 \v 27 «Fuulli isaa coomaan gollameera\f + \fr 15:27 \fr*\fqa Gollameera: \fqa*\ft Yookiin bobbokokeer.\ft*\f*; \q2 hidhi isaa coomaan furdateera. \q1 \v 28 Nami kun qachoota diigame, \q2 mana nami keessa hin leene, \q2 ka diigamiisaaf dhikaate keessa le'a. \q1 \v 29 Inni hin duroomu, \q2 karri isaalle yennaa heddu'uuf hin turtu; \q2 lafa irralle'etti hin babadhattu. \q1 \v 30 Inni dukkana jalaa hin miliqu; \q2 akka muka dameelee isaa bobeenni ibiddaa gosseetii fi \q2 daraaraan isaalle hafuura aarii Waaqaatiin harca'ee hin te'a. \q1 \v 31 Inni womaa waan irraa hin dhagganneef, \q2 waan bu'aa hin qannetti addatiisaan ifi hin sobin. \q1 \v 32 Akka muka jirmi isaa yennaan adoo hin geyin goguutii fi \q2 dameeleen isaa hin bisillee hin te'a. \q1 \v 33 Inni akka muka woyni'ii \q2 ka unkuruura ifii adoo hin bilchaatin harcaafatuutii fi \q2 akka muka ejersaa \q2 ka daraaraa ifii harcaafatuu ti. \q1 \v 34 Worri yaada Waaqa malee le'u \q2 sanyii hin qabaatu; \q1 Manni safu'uun\f + \fr 15:34 \fr*\fqa Safu'uun: \fqa*\ft Yookiin malaamaltumma'aa.\ft*\f* ijaarame \q2 ibiddaan gubatee bada. \q1 \v 35 Worri akkas jiru \q2 hammeenna karoorfataa rakkinna fida; \q2 gadhaan isaaniille sobaan guutameera» jedhe. \c 16 \s1 Iyoob \p \v 1 Achiin duuba Iyoob deebisee, \q1 \v 2 «Ani dubbii akkasii \q2 hedduu dhage'eera; \q2 isin marti jajjabeessitoota nama hifachiittanu. \q1 \v 3 Dubbiin teessan \q2 ta bu'aa hin qanne tun hin dhumattuu? \q1 Yookiin akka ati na woliin falmiisa hin lakkinneef \q2 maanti si kakkaasa? \q1 \v 4 Adoo isin addee tiyya buutanee, \q2 ani addee teessan bu'ee jiraadhee \q2 murgo'oon mataa isinitti raasaa \q2 akkuma isin amma jettanu \q2 anille isin irratti miidhassee dubbadhaayyu. \q1 \v 5 Dubbii afaan kiyyaatiin \q2 silaa isin hin jajjabeessaayyu; \q2 isin jabeessiisaafille \q2 guddoo dubbatuu dande'aayyu. \b \q1 \v 6 «Ani yoo guddoo dubbadhelle \q2 dhibeen tiyya hin goontu; \q2 yoo osselle dhibeen tiyya na hin lakkittu. \q1 \v 7 Waaqa kiyya, ati na daddassiitteerta; \q2 maatii tiyya duudiille balleessiteerta. \q1 \v 8 Ati na shuntuurachiitteerta; \q2 shuntuuratiis nafa kiyyaa \q2 na irratti dhugaa bayaa te'eera; \q2 huqqinni kiyya na irratti ka'ee, \q2 akka ani cubbuu huje dhugaa hin baya. \q1 \v 9 Waaqi mufii ifiitiin nafa kiyya kukkute \q2 inni hidhii natti ciniinnatee, \q2 diinni kiyyalle ila natti diimeffate. \q1 \v 10 Namooti na ceeggatiisaaf afaan ifii natti banane; \q2 tuffiille'een na dhabanaasanee \q2 wolitti qabamanee natti ka'ane. \q1 \v 11 Waaqi kolbaa hantu'utti dabarsee na kennee, \q2 harka worra hama'aatitti na gate. \q1 \v 12 Ani nageyaan le'aa tureeyyu; \q2 Waaqi ammoo mufii ifiitiin na hargufe; \q2 inni morma kiyya hudhee na butuchee, \q2 waan itti xiyyeeffatu na godhate. \q1 \v 13 Worri guube'ee ka isaa na marsee, \q2 marartii malee kalattii tiyya kukkutee \q2 hadhoottuu tiyyalle lafatti jisse. \q1 \v 14 Inni itti deddeebi'ee na madeesse; \q2 akka loltu'uu gara kiyya ori'e. \b \q1 \v 15 «Ani gaddee woyaa gaddaa uffadheera; \q2 bukuu keessalle'etti jigeera. \q1 \v 16 Fuulli kiyya bowichaan diimatee, \q2 ilti tiyya dhagguu dadhaddeerti; \q2 \v 17 tun duudiin teetulle \q2 ani hunnaan nama irratti hin kaane; \q2 daadimati kiyyalle qulqullu'u. \b \q1 \v 18 «Ee lafa, dhiiga kiyya hin dhossin! \q2 Iyyi tiyya si biratti ukkaamantee hin hafin! \q1 \v 19 Kunoo ka dhugaa naa bayuu fi \q2 wobiin kiyya ol-gubbaa jira. \q1 \v 20 Jaaloti tiyya na tuffatti; \q2 ani ammoo gara Waaqaa bowa. \q1 \v 21 Akkuma nami nama kadhatee wolitti araarsu, \q2 nami namaa fi Waaqa wolitti araarsu \q2 adoo hin jiraatuu! \b \q1 \v 22 «Ani deensa deebi'ee hin deebine deemiisaaf \q2 woggaa diqqoo qofatti naa hafeera. \c 17 \q1 \v 1 Qooqqee qofatti na keessa jira; \q2 barri jiruu tiyyaa haleelameera; \q2 awwaallille na eegata. \q1 \v 2 Dhugumaan worri natti murgu \q2 na marsaneeran; \q2 ilti tiyyalle nunnuussaa isaaniititti xiyyeeffatti. \b \q1 \v 3 «Waaqa kiyya, \q2 ka si woliin wobii naaf te'u naa kenni; \q2 si'uma malee, \q2 ka dhibiin ka wobii naaf te'u eennu ree? \q1 \v 4 Akka isaan hin hubanneef \q2 qalbii isaanii cutteerta \q2 tanaaf akka isaan injifatanu hin gootu. \q1 \v 5 Nama beese'eef jedhee \q2 jaala ifii dabarsee kennu \q2 ijoolleen isaa hin rakkatti. \b \q1 \v 6 «Waaqi nama nami marti fuulatti tufu \q2 nama duudi'iifille ka mammaassaa na godhe. \q1 \v 7 Gadda irraa ta kaate \q2 ilti tiyya dhagguu dadhaddee \q2 nafi kiyya duudiin akka gaaddiddu'uu te'eera. \q1 \v 8 Worri qajeelaa ifi seyu waan kana maadeffata; \q2 worri yakkaa hin qanne \q2 worra Waaqa malee le'utti ka'a. \q1 \v 9 Te'uu malee balchooti \q2 karaa dhuga'aa irraa hin goranu; \q2 worri harki isaanii qulqullu'uu ifi seyanu \q2 jabeenna irratti jabeenna ede'atan. \b \q1 \v 10 «Isin marti ammoo \q2 deebi'aatii ammalle wodhaana'a. \q1 Ani odduu teessanitti \q2 nama qaroo hin dhaggu. \q1 \v 11 Barri le'ii tiyya hobba'eera; \q2 karoorrii fi halchaan gadhaa kiyyaa \q2 karaa irratti hafane. \q1 \v 12 Jarri tun halkan guyyaa gooti; \q2 yennaa dukkanaa, ‹Ifi dhikaateera› jedhan. \q1 \v 13 Boolla awwaalaa akka mana kiyyaatitti \q2 yoo ilaale, \q2 taqee tiyya dukkana keessatti yoo afadhe, \q2 \v 14 boolla awwaalaatiin, ‹Ati abbaa kiyya› \q2 corroqa na nyaattulle'een, \q2 ‹Haadha tiyya yookiin obboleettii tiyya› yoo jedhe, \q2 \v 15 addiin tiyya meet ree? \q2 Addii tiyya tana eentu naaf dhagga ree? \q1 \v 16 Yoo ani gara boolla awwaalaa bu'u \q2 addiin tiyya na woliin gad buutii ree? \q2 wolille'een biyyee seennaa ree?» jedhe. \c 18 \s1 Biildaad \p \v 1 Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee, \q1 \v 2 «Iyoob, ati yoom dubbattee fixxa? \q2 Caqasi, nuutille hin dubbanna. \q1 \v 3 Ati maaf akka hori'ii nu laakkotta? \q1 Ila teeti duralle'etti \q2 maaf akka gowwa'aatitti nu laakkotta? \q1 \v 4 Ati aarii teetiin ifuu miita malee, \q2 latti sababa keetiif hin ontu; \q2 yookiin rassaan addee ifii irraa hin tacho'u. \q1 \v 5 Issaan worra hamaaleyyi'ii hin dhaama; \q2 bobeenni ibidda isaaniille ijjumaa hin bobe'u. \q1 \v 6 Issaan dunkaanii isaanii keessa jiru hin dhaama; \q2 ifille hin dukkanowa. \q1 \v 7 Hunni tarkaaffii isaanii hin laatti\f + \fr 18:7 \fr*\fqa Hin laatti: \fqa*\ft Yookiin dadhaddi.\ft*\f*; \q2 malli isaaniituu isaan hin gufachiisa. \q1 \v 8 Miilli isaaniituu tiyyoo keessa isaan hin galcha; \q2 gara boolla keessa bu'anuulle hin deeman. \q1 \v 9 Tiyyoon komee isaanii hin qaddi; \q2 fonxoroolle jabeessitee isaan hin qaddi. \q1 \v 10 Wodaroon isaan qaddu \q2 lafa keessatti dhoffanteerti; \q2 tiyyoolle karaa isaanii irratti afanteerti. \q1 \v 11 Wonni nama bararassu \q2 isaan marsiteerti; \q2 hordotteelle isaan hin ariiti. \q1 \v 12 Hunni isaanii beelaan dhumatteerti; \q2 badiille qophoottee isaan eegatti. \q1 \v 13 Dhukkubi gogaa nafa isaanii hin fixa; \q2 duuti harkaa fi miila isaaniille hin nyaatti. \q1 \v 14 Dunkaanii addatanee le'anu keessaa hin ari'aman; \q2 gara mootummaa du'aalle hin geeffaman. \q1 \v 15 Mana isaanii keessatti \q2 wonni takkaalle hin hattu. \q1 Qe'ee isaaniititti \q2 dhakaan bobe'u hin firfirfama. \q1 \v 16 Isaan akka muka hidda hunde'een goguutii fi \q2 dameeleen isaa qoortuu hin te'an. \q1 \v 17 Qaabbiin isaanii lafa irraa hin baddi; \q2 maqaan isaaniille lafa irraa hin bada. \q1 \v 18 Isaan ifa irraa gara dukkanaatitti hin ari'aman; \q2 biyya lafaa irralle'ee hin balleeffaman. \q1 \v 19 Odduu kolbaa ifiitii \q2 dhala yookiin sanyii hin qabaatanu. \q1 Addee isaan le'anulle'etti \q2 ka jiru'uun hafu hin jiru. \q1 \v 20 Worri gara aduun baatuutii fi \q2 gara aduun seentuu \q2 waan isaan irra geye dhage'anee \q2 sodaa guddo'oon qabamane. \q1 \v 21 Qe'een worra Waaqa malee le'uu \q2 addeen nama Waaqa hin beenneelle \q2 akkas teeti» jedhe. \c 19 \s1 Iyoob \q1 \v 1 Achiin duuba Iyoob deebisee, \q1 \v 2 «Isin haga yoomii na farrisiittan? \q2 Haga yoomii jechaan lafee na cassitan? \q1 \v 3 Isin deddeebitanee na arrassitan; \q2 daba na irratti hujjanuuf hin fokkifattanuu? \q1 \v 4 Dhuguma yoo dokonkoree jiraadhe, \q2 dokonkorri sun anuma qofa miidha. \q1 \v 5 Dhuguma isin na irratti ifi ol ol qaddanee, \q2 qaanii tiyya waan anaan morontanuun \q2 yoo godhattane, \q2 \v 6 ka na farrisiisee, \q2 tiyyoo ifiitiin na marsee xaxe \q2 Waaqa akka te'e beeka'a. \b \q1 \v 7 «‹Hunnaan na irratti ka'ane› jedhee iyyadhulle, \q2 deebii hin dhagganne. \q1 Qoonqoo tiyya ol qabadhee dhageessifadhulle, \q2 muraa haqaa hin dhagganne. \q1 \v 8 Waaqi akka ani hin dabarreef \q2 karaa natti cufeera; \q2 daandii tiyyalle dukkanaan golleera. \q1 \v 9 Inni ulfinna kiyya na irraa fuudhee, \q2 kallachalle mataa kiyya irraa buuseera. \q1 \v 10 Inni karaa maraan nafa kiyya caccassee hurbee, \q2 addii tiyyalle akka mukaa buqqiseera. \q1 \v 11 Inni mufii ifii na irratti bobeessee, \q2 akka diina ifiititti na laakkowe. \q1 \v 12 Inni na balleessiisaaf loltoota ifii erge; \q2 isaan adaala dunkaanii tiyyaatitti \q2 kushee hujatanee qubatane. \b \q1 \v 13 «Waaqi obboleeyyan tiyya na irraa fageesse; \q2 worri na beekulle alagaa akka natti te'u godhe. \q1 \v 14 Firri kiyya na irraa fagaate; \q2 jaaloti tiyyalle na dedhane. \q1 \v 15 Keessummooti ani mana kiyyatti keessummeesse \q2 na dedhane. \q1 Dubartooti tajaajiltooti tiyya \q2 akka ormaatitti na laakkowane; \q2 akka alaga'aalle na ilaalane. \q1 \v 16 Ani tajaajilaa kiyya waame, \q2 inni ammoo na jalaa dide; \q2 akka na qarqaaruuf yennaa kadhadhelle na didate. \q1 \v 17 Haati manaa tiyya foolee hafuura kiyyaa jibbite; \q2 obboleeyyan tiyyaayyuu na diqatte. \q1 \v 18 Ijoolleen didiqoonuu na tuffatti; \q2 yennaa na dhagganu natti murgan. \q1 \v 19 Jaaloti tiyya ta ani addadhu na diqatte; \q2 worri ani jaaladhulle na irratti ka'e. \q1 \v 20 Foon kiyya dhumatee, \q2 gogaan kiyya lafee tiyyatti maxxanee, \q2 irgi\f + \fr 19:20 \fr*\fqa Irgi: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa irgagi \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* ilkaan kiyyaa callaan jiruun ani hafe. \b \q1 \v 21 «Ee jaalota tiyya, \q2 harki Waaqaa waan na dhoweef, \q2 naaf marara'a! \q2 Naaf marara'a! \q1 \v 22 Akkuma Waaqi na miidhe \q2 isinille maaf na miitan? \q1 Haga ammaa ka na miitane \q2 isin hin gewuu? \b \q1 \v 23 «Maalo'o, dubbiin ani haga ammaa dubbadhe \q2 barreeffantee, kitaabatti adoo galmeeffantee! \q1 \v 24 Maalo'o, bara baraan akka yaadatantuuf \q2 meya sibiilaatii fi irsaasaatiin \q2 rassaa irratti qiriixantee adoo hin barreeffantuu! \q1 \v 25 Ka na wodu jiraataa akka te'e, \q2 muummee irralle'etti, \q2 dhugaa bayiisaaf lafa irra akka dhaabbatu hin beeka. \q1 \v 26 Gogaan kiyya nyaatamee dhumateen duuba te'ulle \q2 foon kiyyaan jiraadhee \q2 Waaqa akka dhaggu hin addadha. \q1 \v 27 Anumattuu isa dhagga; \q2 ani ila tiyyaan isuma dhagga malee, \q2 ka dhibi'ii moti. \q2 Gadhaan kiyya guyyaa san guddoo dharra'a. \b \q1 \v 28 «Isin, ‹Sababi rakko'ootuu isuma keessa waan jirtuuf, \q2 nuuti attam isa miina?› yoo jettane, \q2 \v 29 mufiin Waaqaa shallaaga'aan adabamiisa \q2 waan fidduuf \q2 isin shallaagaa san sodaadha'a; \q2 muraalle akka jirtu beeka'a» jedhe. \c 20 \s1 Zofaarii Naa'imaaticha \p \v 1 Achiin duuba Zofaariin Naa'imaatichi deebisee, \q1 \v 2 «Iyoob, ani deebii akka kennuuf \q2 yaadi kiyya na dirqansiisa; \q2 tanaaf dubbatiisaaf ariifadha. \q1 \v 3 Arraffama ittiin salphadhe dhage'adheera; \q2 hubatiis kiyya \q2 akka ani deebii kennu na godheera. \b \q1 \v 4 «Bara durii durii \q2 yennaa nami biyya lafaa irratti dadameen jalqabee, \q2 dubbii akkasii tana beettaa ree? \q1 \v 5 Qaca'iis worra hama'aa, \q2 haguma diqqa'a. \q1 Gammadi worra Waaqa malee le'uulle \q2 haga lipheettii ilaa ti. \q1 \v 6 Isaan haga ol-gubba'aa ifi ol ol qabanulle, \q2 mataan isaanii duumensa tuqulle, \q2 \v 7 isaan akkuma faalowa ifii hin badan; \q2 worri dur isaan dhaggeeru, \q2 ‹Isaan meet ree?› hin jedhan. \q1 \v 8 Isaan akka oojju'uu waan badanuuf \q2 hin dhaggamanu; \q2 akka mudhii halkaniille hin badan. \q1 \v 9 Ilti tanaan dura isaan dhaggite, \q2 deebitee isaan hin dhaggitu; \q2 isaan addee le'anu irralle'ee hin badan. \q1 \v 10 Ijoolleen isaanii \q2 waan abbootiin isaanii hiyyeeyyii irraa saante \q2 sossobataa hin deebitti. \q1 \v 11 Nafi isaanii ka hunna dargaggumma'aatiin guutame \q2 isaan woliin biyyee hin te'a. \b \q1 \v 12 «Hammeenni afaan isaanii keessatti mi'owee, \q2 arraba ifiitiin jalatti dhossanee, \q2 \v 13 afaan ifii keessaa baasuu jibbanee, \q2 afaan ifii keessatti qabatanulle, \q2 \v 14 sagaleen isaanii gadhaa isaanii keessatti \q2 gara hadha'aatitti hin jijjiiranti; \q2 akka hadhaa dhudhuufa'aalle hin teeti. \q1 \v 15 Isaan karra nyaatane hin tufan; \q2 Waaqi waan isaan nyaatane \q2 akka diddiganu hin godha. \q1 \v 16 Wonni isaan nyaatanu \q2 hadhaa dhudhuufa'aa itti hin teeti; \q2 hadhaa buuti'iille itti teetee isaan hin ijjeetti. \q1 \v 17 Isaan bisaanii fi laga \q2 ka dammaa fi itittuu woliin yaa'u hin dhagganu. \q1 \v 18 Waan ifii itti elowane \q2 adoo hin nyaatin deebisanee hin kennan; \q2 bu'aa daldalanee dhaggatanelle'etti hin gammadanu. \q1 \v 19 Isaan hiyyeeyyii cunqursanee duwwaa hamburanee, \q2 mana ifii hin ijaarinille waan fudhataneef tun teete. \b \q1 \v 20 «Joljolummaan isaanii foora isaan dhooggiteerti; \q2 qabeenni isaanii isaan baasuu hin dande'u. \q1 \v 21 Isaan waan qabanu nyaatanee hin fixan; \q2 tanaaf qabeenni isaanii dafee hin dhumata. \q1 \v 22 Qabeenna hedduu qabaatanulle, \q2 deegi isaanitti hin bu'a; \q2 rakkoon jadduulle isaan hin dhaqqaddi. \q1 \v 23 Isaan nyaatanee yennaa quufanu, \q2 Waaqi aarii ifii isaan irratti bobeessee, \q2 balaa ifii akka bokkeyaa \q2 isaan irratti hin roobisiisa. \q1 \v 24 Shallaagaa sibiilaa jalaa yoo miliqe \q2 daaya sageettu'uutiin hin woraanama. \q1 \v 25 Daayi sun woraanee duddaan isa fulla'a; \q2 qacceen calalaxxuun arfii sanii \q2 tiruu isaanii keessa baati; \q2 naasuulle'een hin qabaman. \q1 \v 26 Qabeenni isaanii duudiin \q2 dukkana dimmaa keessatti bada; \q2 ibiddi hin dhaanne isaan hin guba; \q2 waan dunkaana isaanii keessa hafelle \q2 muxuq godha. \q1 \v 27 Ol-gubbaan yakkaa isaanii hin mudhitti; \q2 lattille diinumma'aan isaan irratti hin kaati. \q1 \v 28 Guyyaa mufii Waaqaa \q2 qabeenni mana isaanii lola'aan hin fudhatama. \q1 \v 29 Qoodi Waaqi worra hama'aaf kennu, \q2 gatiin isaaniille tana» jedhe. \c 21 \s1 Iyoob \p \v 1 Iyoob deebisee, \q1 \v 2 «Waan ani dubbadhu miidhassa'aa caqasa'a; \q2 kun akka na jajjabeesitanetti isiniif laakkowamuu ti. \q1 \v 3 Ani hin dubbadhaa naaf ossadha'a; \q2 achiin duuba akka feetane murguu dandeettan. \b \q1 \v 4 «Ani nama komadhaa ree? \q2 Maaf ossa hin dhanne ree? \q1 \v 5 Ana ilaala'aatii maadeffadha'a; \q2 afaan keessanille qabadha'a. \q1 \v 6 Ani waan kana yennaa yaadadhu hin bararaqa; \q2 nafi kiyyalle hin hollata. \q1 \v 7 Worri hamaan maaf le'a? \q2 Maaf ganna dheeraa le'ee dullooma? \q2 maaf hunnaan ittuma jabaataa deema? \q1 \v 8 Ijoolle'ee fi akaakoti isaanii adoo isaan jiraranuu \q2 fuula isaanii duratti guddatanee itti tolteen dhaggan \q1 \v 9 Isaan mana ifii keessa sodaa malee nageyaan le'an; \q2 Waaqi isaan hin adabu. \q1 \v 10 Horiin isaanii rakkoo tokko malee hora; \q2 loon isaaniille rimeya gadha'aa hin gatanu. \q1 \v 11 Ijoollee ifii akka tika hoole'ee bobbaasan; \q2 daa'immaan isaaniille hin burraaxxi. \q1 \v 12 Isaan dibbe'ee fi maseenqo'oon \q2 qoonqoo suusulle'eetiin \q2 gammadanee hin sirban. \q1 \v 13 Isaan qananumma'aan bara ifii fixatan; \q2 farra malee du'an. \p \v 14 «Isaan Waaqaan, \q2 ‹Nuuti karaa keeti beekuu hin feenu; \q2 nu irraa fagaadhu. \q1 \v 15 Nuuti akka isa waaqonfannuuf \q2 ka waan mara dande'u eennu inni? \q1 Isa yoo daadimanne \q2 bu'aa maan dhagganna?› jedhan. \q1 \v 16 Qananummaan isaanii \q2 harkuma isaanii keessa jirtii motii ree? \q2 Maarre ani yaada worra hama'aa hin fudhadhu. \b \q1 \v 17 «Issaan worra hama'aa \q2 yennaa mara attam attam bada? \q2 Farri yennaa maraa attam attam isaanitti dhutti? \q1 Isaan yennaa mara adabbii mufii ifiitiin \q2 attam attam farrane? \q1 \v 18 Isaan akka huura qilleensa dura jiruutii motii ree? \q2 Akka cidii bubbe'een fudhatantuutii motii ree? \q1 \v 19 Isin ‹Waaqi yakkaa abbooti'iitiif \q2 ijoollee hin adaba› jettan; \q2 te'uu malee yakkaameyyiin \q2 yakkaa ifii akka beekanuuf, \q2 isaanunti adabamanuu ti. \q1 \v 20 Cubbaaleyyiin yakkaa ifiitiif adabamanuu ti; \q2 Waaqi waan mara dande'u \q2 mufii ifii isaanitti buusuu ti. \q1 \v 21 Nami du'een duuba \q2 marroo ijoollee ifiitiif \q2 maanti isa dhiba? \b \q1 \v 22 «Waaqa worra gugurda'attuu muru \q2 nami beekkumsa isa barsiisuu dande'aa ree? \q1 \v 23 Nami gariin adoo hunna qabuu \q2 le'iin itti toltee nageyaan adoo jiruu, \q2 \v 24 nafi isaa adoo gabbinna qabuu, \q2 lafee isaa keessa dhuki guuttee adoo jirtuu du'a. \q1 \v 25 Nami dhibiin ammoo jiruun itti hadhoottee, \q2 waan dansaa adoo hin dhaggin du'a. \q1 \v 26 Isaan lamaanuu du'anee awwaalamanee \q2 corroxxille itti duuddi. \b \q1 \v 27 «Kunoo, ani yaada keessan, \q2 mala isin na miidhiisaaf maltanelle \q2 miidhassee beeka. \q1 \v 28 Isin, ‹Manni nama guddaa sanii meet ree? \q2 Dunkaaniin worra hama'aa keessa meet ree?› jettan. \q1 \v 29 Isin worra karaa yaa'u hin gaafannee ree? \q2 Waan isaan jedhanelle hin fudhannee ree? \q1 \v 30 Nama hamaa balaan yennaa dhufu \q2 miidhaan isa hin dhaqqabu; \q2 guyyaa mufii Waaqaalle jalaa hin baya. \q1 \v 31 Nama hamaa amala isaa ka isa duratti komatu, \q2 hujii hantuu isaatiifille ka isa adabu eennu ree? \q1 \v 32 Yennaa inni du'e gara awwaalaa hin geessan. \q2 Irreensi isaalle hin eegama. \q1 \v 33 Biyyeen dhooqa keessaa \q2 isatti hin tolti. \q1 Namooti bacaan isa duubaan deeman; \q2 kolbaan bindillaalle isa dura deenti. \b \q1 \v 34 «Deebiin isin naaf kennitanu soba; \q2 attamiin dubbii woy hin baaneen \q2 na jajjabeessiisaaf wodhaantan ree?» jedhe. \c 22 \s1 Eliifaaz \p \v 1 Achiin duuba Eliifaaziin Temaanichi deebisee, \q1 \v 2 «Nami Waaqaaf bu'aa qabaatuu dande'aa ree? \q2 Nami qaroolle bu'aa ifumaaf buufata. \q1 \v 3 Ati balchaa yoo teete, balchummaan teeti \q2 Waaqa waan mara dande'u maan gammachiitti? \q1 Karaan keeti ka komii hin qanne yoo te'e, \q2 inni woy dhaggataa ree? \b \q1 \v 4 «Ati Waaqa waan sodaattuuf \q2 inni si xixee muraa si irratti fidee ree? \q1 \v 5 Tun sababa hammeenni keeti guddatee, \q2 cubbuun teeti bacatteefii motii ree? \q1 \v 6 Ati sababa malee obboleeyyan teeti irraa \q2 qaddii fudhatteerta; \q2 namoota irraa woyaa mulqitee, \q2 qullaa hamburteerta. \q1 \v 7 Ati worra dheebotee dadhabeef \q2 bisaan hin kennine; \q2 worra beelowelle sagalee dhooggatteerta. \q1 \v 8 Latti ta worra hunnaameyyi'ii ti; \q2 worra ulfinna qabutti isii irra le'a. \q1 \v 9 Haadhotii hiyyeessaa \q2 harka duwwaa gad lakkitteerta; \q2 ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneelle cunqursiteerta. \q1 \v 10 Tanaaf tiyyoon si marsitee, \q2 dedhuma sodaan si bararassite. \q1 \v 11 Akka ati dhagguu hin dandeenne \q2 dukkanti si qaddee, \q2 lolaan si liqinse. \b \q1 \v 12 «Waaqi ol-gubbaa olii keessa le'aa motii ree? \q2 Urjoota ol fagoo jiranulle, \q2 gad ilaalaa motii ree? \q1 \v 13 Ati ammoo, ‹Waaqi maan beeka? \q2 Dukkana dimmaatiin gara kaan jiraatee \q2 natti muruu dande'aa? \q1 \v 14 Inni gonbobittii ol-gubba'aa irra yennaa deddeemu \q2 duumensi hurrantaan waan isa golluuf \q2 dhagguu hin dande'u› jetta. \q1 \v 15 Ati karaa durii ka worri hamaan irra deddeeme \q2 hordofaartaa ree? \q1 \v 16 Isaan adoo yennaan isaanii hin geyiinuu qoomamaneeran; \q2 hundeen isaanii lola'aan haxowanteerti. \q1 \v 17 Isaan Waaqa waan mara dande'uun, ‹Nu irraa fagaadhu; \q2 maan nuu godhuu dandeetta?› jedhane. \q1 \v 18 Te'uu malee isumattuu mana isaanii \q2 waan dansa'aan guute; \q2 tanaaf ani yaada worra hama'aa hin fudhadhu. \b \q1 \v 19 «Balchooti badii worra hamootaa dhagganee hin gammadan; \q2 worri yakkaa hin qanne murgo'oof itti kollaa, \q1 \v 20 ‹Dhuguma diinni keenna badeera; \q2 waan isaan irraa hafelle ibiddi fixeera› jedhan. \b \q1 \v 21 «Iyoob, Waaqaan wolii galiitii \q2 isa woliin nageya qabaadhu; \q2 karaa kanaan waan dansaa hin dhaggatta. \q1 \v 22 Qajeelcha inni sii kennu fudhadhu; \q2 jecha isaalle gadhaa keetitti qabadhu. \q1 \v 23 Ati gara Waaqa waan mara dande'uu yoo deebite, \q2 akka duriititti hin deebita; \q2 hammeenna dunkaanii teeti keessaa yoo fageessite, \q2 \v 24 worqii akka buku'uutitti, \q2 worqii gatii guddo'oolle\f + \fr 22:24 \fr*\fqa Worqii gatii guddo'oolle: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin worqii Ofiiriille \fqa*\ft Jedha. Bara san worqii Ofiirii gatii guddo'oon bitatan.\ft*\f* \q2 akka rassaa bisaan keessaatitti yoo ilaalte, \q2 \v 25 Waaqi waan mara dande'u \q2 worqi'ii fi meetii gatii guddo'oo siif hin te'a. \q1 \v 26 Achiin duuba ati \q2 Waaqa waan mara dande'uun hin gammadda; \q2 isalle'etti addattee hin leeta. \q1 \v 27 Ati gara isaa hin daadimatta, \q2 innille si'iif hin dhage'a; \q2 atille waadaa keeti isaaf hin galchita. \q1 \v 28 Wonni ati murteeffatte siif hin teeti; \q2 ifille karaa keetitti hin ifa. \q1 \v 29 Waaqi worra kooru gad qaba; \q2 worra ifi gad qabu ammoo hin fayyisa. \q1 \v 30 Sababa ati yakkaa hin qanneef, \q2 Waaqi worra yakkaameyyi'iiyyuu \q2 adabbii jalaa hin baasa» jedhe. \c 23 \s1 Iyoob \p \v 1 Achiin duuba Iyoob deebisee, \q1 \v 2 «Ani iyyaa aadulle \q2 dhowichi isaa waan natti jabaateef, \q2 haga ammaa gadhaan kiyya \q2 gadda hama'aa fi gungussu'uun guutameera. \q1 \v 3 Addee isa itti dhaggu adoo beeke, \q2 gara addee inni le'uu dhaqee, \q2 \v 4 silaa iyyata kiyya isatti dhikeeffadhee, \q2 afaan kiyya guutadhee isatti hin dubbadhaayyu. \q1 \v 5 Waan inni naaf deebisu \q2 sila hin beekaayyu \q2 waan inni naan jedhulle \q2 sila hin hubadhaayyu. \q1 \v 6 Waaqi hunna ifii guddo'oon \q2 na morminnaa laati? \q1 Waawwo'o! Inni naaf hin dhage'a. \q1 \v 7 Achitti nami qajeelaan haajaa ifii \q2 Waaqa duratti dhikeeffata; \q2 Waaqi abbaan mura'aa kiyyalle \q2 haga bara baraa bilisa na hin baasa. \b \q1 \v 8 «Ani gara aduun baatu yoo dhaqe \q2 inni achi hin jiru. \q1 Gara aduun seentulle yoo deebi'e, \q2 isa dhagguu hin dandeenne. \q1 \v 9 Yennaa inni gara kaabaatiin huju \q2 ani isa dhagguu hin dande'u. \q1 Yennaa inni gara kibbaallee deebi'uu \q2 ani isa dhagguu hin dande'u. \q1 \v 10 Inni ammoo karaa ani deemu mara hin beeka; \q2 yennaa inni haga na ilaalu \q2 akka worqi'ii qulqulluu te'eeruun na dhagga. \q1 \v 11 Miilli kiyya faana isaa gula deema; \q2 karaa isaa irraa asii fi achi hin goru. \q1 \v 12 Ajaja afaan isaatii bawu irraa, \q2 ani hin fagaanne; \q2 jecha isaalle gadhaa kiyyatti qabadheera. \b \q1 \v 13 «Waaqi hin jijjiiramu; \q2 eennulle isa mormuu hin dande'u; \q2 inni waan fedhe godha. \q1 \v 14 Inni waan naaf yaade mara hin muummessa; \q2 wonni hedduun akkasii qalbii isaa keessa jirti. \q1 \v 15 Tanaaf ani isa duratti hin bararaqa; \q2 yennaa waan kana mara hedu isa sodaadha. \q1 \v 16 Waaqi na sodaachise; \q2 ka waan mara dande'u na bararasse. \q1 \v 17 Te'uu malee ani dukkanaan, \q2 dukkana dimma fuula kiyya gollite saniin hin cadhinne. \b \c 24 \q1 \v 1 «Waaqi waan mara dande'u \q2 guyyaa mura'aa maaf hin murteessin? \q1 Worri isa beekanu \q2 guyyaa mura'aa san maaf hin dhaggin? \q1 \v 2 Worri hamaan beessisa meessa'aa balleessa; \q2 isaan hoolee hatane bobbaafatan. \q1 \v 3 Harree ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee \q2 oofatanee deeman; \q2 qotiyyoo haadha hiyyeessaa \q2 qaddi'iif fudhatan. \q1 \v 4 Isaan hiyyeeyyii karaa irraa hin ari'an; \q2 hiyyeeyyiin lafa irraa marti \q2 isaan duraa hin baqatan. \q1 \v 5 Hiyyeeyyiin akka harree diidaa goomolee keessa \q2 ijoollee ifiitiif sagalee barbaassa \q2 lafa goomole'ee keessa daddaaqan. \q1 \v 6 Isaan fichaa nama dhibi'ii keessaa \q2 okeya hin haammatan; \q2 oorruu woyni'ii ta worra hama'aa keessalle'ee \q2 woxoo qocatan. \q1 \v 7 Halkan guutuu qullaa bulan; \q2 boojji'iif'ille waan ifi irra buufatanu hin qabanu. \q1 \v 8 Bokkeya gaara irra roobuun hin tortoran; \q2 waan jalatti qophatanu dhabanee \q2 rassa'atti maxxananee bulan. \q1 \v 9 Worri hamaan daa'ima abbaa hin qanne \q2 harma irraa butanee garboonfatan; \q2 daa'ima hiyyeessaa qaddii godhatan. \q1 \v 10 Hiyyeeyyiin woyaa malee qullaa ifii deeman; \q2 isaan laddee hin ba'atan ammoo hin beelowan. \q1 \v 11 Tarree fichaa worra hamoole'ee oddu'utti \q2 zayitii ejersaa hin cunfan; \q2 unkuruura woyni'ii irralle'ee \q2 daadhii woyni'ii hin cunfan; \q2 isaan ammoo hin dheebotan. \q1 \v 12 Qachoota gugurdaa keessaa worri du'u hin aadan; \q2 worri madowanelle qarqaaramiisaaf hin iyyan; \q2 Waaqi ammoo daadimata isaanii hin caqanne. \b \q1 \v 13 «Worri ifa jibbu, \q2 worri karaa ifaa hin beenne, \q2 yookiin daandii ifaa irralle hin turre jiran. \q1 \v 14 Nami nama ijjeesu fuullee bari'iitiin ka'ee, \q2 hiyyeeyyi'ii fi worra rakkate hin ijjeesa; \q2 halkanille akka hattu'uu hata. \q1 \v 15 Nami gaarayyeeffatu lafa dhiitu eegata; \q2 eennulle akka isa hin dhaggineef \q2 fuula ifii hin hagooggata. \q1 \v 16 Hattuun halkan qottee seenti; \q2 guyyaa ammoo dhokaata oolti; \q2 ifaan waan tokkolle godhuu hin barbaaddu. \q1 \v 17 Dukkanaan bararassiisi waan isaan gammachiittuuf, \q2 dukkanti dimmi isaaniif ganama. \b \q1 \v 18 «Worri hamaan akka hoomacha bisaan irraa, \q2 yennaa diqqoo qofaaf mudhatan. \q1 Qoodi lafa isaanii ta abaarante waan teeteef, \q2 namuu gara fichaa woynii isaanii hin dhaqu. \q1 \v 19 O'ii fi caami \q2 dhakaa bokkeyaa ka baqe akkuma balleessu \q2 qileen awwaala jalaalle cubbaaleyyii akkasuma gooti. \q1 \v 20 Haadhotiin isaanii isaan hin deeti; \q2 corroxxille isaan hin nyaatti; \q2 namuu isaan hin qaabatu; \q2 worri hamaan akka mukaa hin caccaba. \q1 \v 21 Isaan dubartii deya hin qanne hin cunqursan; \q2 haadha hiyyeessaatiifille waan dansaa hin godhanu. \q1 \v 22 Waaqi ammoo hunna ifiitiin \q2 worra hunnaameyyii hin balleessa. \q1 Le'iin isaanii ta tolte fakkaatulle, \q2 jiruu addachiittu hin qabanu. \q1 \v 23 Waaqi akka isaan nageyaan le'anu lakkisulle, \q2 karaa isaan deemanu hubatee hin ilaala. \q2 \v 24 Worri hamaan yennaa diqqo'oof hin jajaman; \q2 achiin duuba ammoo \q2 akkuma daraara'aa qooranee hin badan; \q2 akka midhaaniille hin haamaman. \b \q1 \v 25 «Yoo akkas hin te'in \q2 ani dharaamessa akka te'ee fi \q2 wonni ani dubbadhe sirrii akka hin te'in \q2 ka mirkaneessu eennu ree?» jedhe. \c 25 \s1 Biildaad \q1 \v 1 Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee, \q1 \v 2 «Mootumma'aa fi sodaatamuun ta Waaqaa ti; \q2 inni ol-gubbaa oliititti nageya hin buusa. \q1 \v 3 Laakkowamuu dandeettii ree? \q2 Ifi isaa eennu irratti ifuu dhaba ree? \q1 \v 4 Nami attam Waaqa duratti \q2 balchaa te'uu dande'a ree? \q1 Nami nama te'ee dhalate \q2 attam qulqulluu te'uu dande'a ree? \q1 \v 5 Kunoo, ji'inuu isa duratti akka dansaa hin ifu; \q2 urjootille isa duratti qulqullu'uu moti. \q1 \v 6 Ilmi namaa ka akka raammo'oo fa'a, \q2 attam attam caalaa diqqaata ree!» jedhe. \b \c 26 \s1 Iyoob \p \v 1 Achiin duuba Iyoob deebisee, \q1 \v 2 «Ati nama hunna hin qanne \q2 attam attam qarqaarte! \q1 Nama dadhabaalle \q2 attam attam jabeessite! \q1 \v 3 Ati nama qaroo hin te'in \q2 attam attam gorsite! \q2 Beekkumsalle attam attam kenniteef! \q1 \v 4 Tana akka dubbattu ka si qarqaare eennu? \q2 Ayyaana eennuutitti afaan keeti keessaa dubbate? \b \q1 \v 5 «Ekeraan abbaaya'aan jalatti \q2 rorommiisatti jirti. \q1 \v 6 Addeen worri du'e jiru \q2 Waaqa duratti guutumatti mudhatti; \q2 wonni takkaalle isii hin gollitu. \q1 \v 7 Waaqi gubbaa gara kaabaa addee duwwaa irratti diriirse; \q2 lafaalle womaa adoo jala hin jiraatin rarraase. \q1 \v 8 Waaqi duumensa keessatti bisaan kipha; \q2 duumensille ulfaatiisa bisaaniitiin hin tarsa'u. \q1 \v 9 Inni barcumaa mootummaa ifii \q2 duumensa ifii diriirsee hin golla. \q1 \v 10 Waaqi ifaa fi dukkana gargar baasiisaaf, \q2 bisaan irratti naannessee meessaa godheera. \q1 \v 11 Yennaa inni xixu \q2 utubooti ol-gubba'aa soda'aan hin raafaman. \q1 \v 12 Inni hunna ifiitiin \q2 abbaayaa hin sarmisiisa, \q2 qarummaa ifiitiin bineensa guddaa abbaayaa keessaa ka, ‹Rahaab› jedhamu hin kukkuta. \q1 \v 13 Inni hafuura ifiitiin ol-gubbaa qulqulleessee, \q2 harka ifiitille'een jawwee lowiisatti jirtu woraane. \q1 \v 14 Kun duudiin waan Waaqi huju keessaa diqqo'o; \q2 nuuti hasaassaa isaa qofa dhageenna; \q2 mandiisuu hunna isaa eentu hubatuu dande'a ree?» jedhe. \c 27 \s1 Iyoob \p \v 1 Ammalle Iyoob dabalee, \q1 \v 2 «Dhugaa Waaqa jiraataa waan mara dande'uu \q2 ka haqa kiyya na dhooggatee, \q2 jiruu tiyya natti hadheessee, \q2 \v 3 haga lubbu'uun jiru \q2 hafuurri Waaqi na keessa keye haga na keessa jiru, \q2 \v 4 hantuun afaan kiyya keessaa hin baatu; \q2 arrabi kiyyalle soba hin dubbatu. \q1 \v 5 Ani ijjumaa isiniin sirri'i hin jedhu; \q2 haga du'a tiyyaatitti yakkaa malee le'uu irraa hin goru. \q1 \v 6 Balchummaa tiyyatti hin jabaadha'a; \q2 gad hin lakkisulle'e; \q2 bara le'ii tiyyaa \q2 wodanaan kiyya waan kanatti hin gaabbu. \b \q1 \v 7 «Diinni kiyya akka worra hama'aa, \q2 worri na mormu \q2 akka worra balchaa hin te'inii te'uu ti. \q1 \v 8 Yennaa Waaqi isaan balleessu \q2 yennaa inni lubbuu isaan keessaa baasu \q2 addiin worra Waaqa malee le'uu \q2 maan te'itti laati? \q1 \v 9 Yennaa rakkinni isaanitti dhufu \q2 Waaqi iyya isaanii hin dhage'aa ree? \q1 \v 10 Isaan Waaqa waan mara dande'utti \q2 hin gammadanii ree? \q2 Yennaa mara Waaqa hin waammatanii ree? \b \q1 \v 11 «Ani marroo hunna Waaqaa isin barsiisa; \q2 karoora Waaqa waan mara dande'uulle \q2 ani isin hin dhossu. \q1 \v 12 Isin martinuu tana dhaggitaneertan; \q2 eegasuu waan bu'aa hin qanne maaf dubbattan ree? \q1 \v 13 Qoodi nami hamaan \q2 Waaqa irraa dhaggatu, \q2 dhaalli nami nama cunqursu \q1 Waaqa waan mara dande'u irraa fudhatu, \q2 ka asii gad jiru: \q1 \v 14 Ijoolleen isaa yoo heddattelle \q2 shallaaga'aan dhumatti; \q2 sanyiin isaalle sagalee quuttee nyaattu hin qabaattu. \q1 \v 15 Worri baraareen hafe dhukkubaan dhumata; \q2 haadhotiin hiyyeessaa isaaniille \q2 isaaniif hin boottu. \q1 \v 16 Worri hamaan meetii akka biyye'ee tuulee, \q2 woyaalle akkuma faara biyye'ee \q2 wol irra naquu dande'a fa'a. \q1 \v 17 Waan isaan tuulatane san ammoo, \q2 worra balcha'attuu uffata; \q2 worri yakkaa hin qannelle meetii hin qoqoodaman. \q1 \v 18 Manni isaan ijaaranu akka mana saaphuphu'uutii fi \q2 akka gosee nama midhaan eeguu ti. \q1 \v 19 Worri hamaan dureessa te'ee hin rafa, \q2 ammoo itti hin deebi'anu; \q2 yennaa isaan dammaqanu, \q2 karri isaanii marti baddeerti. \q1 \v 20 Bararaqi akka lola'aa isaan irra yaa'a; \q2 halkan hobonbolattiin isaan fudhattee deenti. \q1 \v 21 Qilleensi gara aduun baatuu \q2 isaan fuudhee deema; \q2 isaanille hin dhaggamanu; \q2 addee isaanii irraa haxowee isaan balleessa. \q1 \v 22 Isaan hunna qilleensa sanii jalaa bayiisaaf wodhaananulle, \q2 marartii malee bira itti dabara. \q1 \v 23 Qilleensi isaan irratti harka dhowee \q2 addee jiru irralle'ee isaanitti siissa\f + \fr 27:23 \fr*\fqa Siissa: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa fiissa \fqa*\ft jedhan.\ft*\f*. \c 28 \s1 Wolaloo Marroo Qarumma'aa \q1 \v 1 «Dhuguma boolli meetii keessaa qotanee baasanu, \q2 addeen worqii itti baqsiisanu jirti. \q1 \v 2 Sibiilli lafa keessaa dhaggama; \q2 sibiilli diimaalle biyyee albuudaa keessaa \q2 baqisiifamee dhaggama. \q1 \v 3 Namooti qilee lafaa keessa seenanee \q2 dukkana dimmaa keessa lixanee \q2 biyyee albuudaa barbaadan. \q1 \v 4 Isaan lafa nami le'u irraa fagaatanee, \q2 addee miilli namaa ijjattee hin beenne geyan. \q1 Achitti boolla qilee qotanee \q2 wodaroo irratti rarra'aa \q2 nama irraa fagaatanee qofuu ifii hujan. \q1 \v 5 Latti midhaan sagalee te'u baattu, \q2 keessi isi'ii ammoo ibiddaan baqee garagaggala. \q1 \v 6 Rassaa isi'ii keessaa \q2 dhakaan gatii guddo'oo \q2 ka ‹Safiiros› jedhamu dhaggama; \q2 biyyee isi'ii keessalle'ee worqiin hin dhagganti. \q1 \v 7 Karaa gara albuudaa geessu san risaan hin beeku; \q2 ilti jajju'uulle hin dhaggine. \q1 \v 8 Bineensi hamaan addee san hin ijjanne; \q2 neenqille karaa san hin dabarre. \q1 \v 9 Harki nama albuuda qotuu \q2 rassaa jabaa hin caccassa; \q2 gaarotalle hundee irraa garaggaggalcha. \q1 \v 10 Isaan rassaa dhoosanee karaa hin baasan; \q2 ilti isaaniille waan gatii guddo'oo hin dhaggiti. \q1 \v 11 Madda lagaa hin kiphan; \q2 waan lafa keessatti dhokatelle ifatti hin baasan. \b \q1 \v 12 «Ammoo qarummaan eessatti dhagganti? \q1 Addeen hubanti'ii eessa jirti? \q1 \v 13 Qarummaan lafa nami le'u keessatti hin dhaggantu; \q2 namille gatii isi'ii hin beeku. \q1 \v 14 Qileen abbaaya'aa, \q2 ‹Qarummaan na keessa hin jirtu› jetti; \q2 abbaayaalle, ‹Qarummaan na bira hin jirtu› jetti. \q1 \v 15 Qarummaan worqii qullu'uun hin bitantu; \q2 gatiin isi'iille meeti'iin hin madaalantu. \q1 \v 16 Gatiin isi'ii worqii gatii guddo'ootiin, \q2 dhakaa ‹Sardoniikis\f + \fr 28:16 \fr*\fqa Sardoniikis: \fqa*\ft Dhakaa gatii guddoo qabu.\ft*\f*› jedhamuun \q2 yookiin dhakaa, ‹Safiiros› jedhamuun wol hin qixxawu. \q1 \v 17 Worqi'ii fi daaw'itiille'een\f + \fr 28:17 \fr*\fqa Daaw'itii: \fqa*\ft Bara durii gatiin daaw'iti'ii akka malee guddo'o.\ft*\f* \q2 wol hin qixxoottu. \q1 Dooqa worqii qullu'uulle'een \q2 hin jijjiirantu. \q1 \v 18 Gatiin qarumma'aa dooqa gatii guddo'ootii fi \q2 dhakaa gatii gudda'ootiin wol hin qixxoottu; \q2 elellaan diintuulle\f + \fr 28:18 \fr*\fqa Elellaan diintuu: \fqa*\ft Bara durii elellaan gatii guddoo qaddi\ft*\f* caalti. \q1 \v 19 Qarummaan dhakaa gatii guddo'oo ka Itoophiya'aa\f + \fr 28:19 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f*, \q2 ka ‹Xophaaziyon› jedhamuun wol hin qixxoottu; \q2 worqii qulluu gatii guddo'oolle'een wol hin qixxoottu. \b \q1 \v 20 «Eegasuu qarummaan eessaa dhutti ree? \q1 Addeen hubantiin jirtu eessa ree? \q1 \v 21 Isiin ila dada maraa duraa dhokatteerti; \q2 sinbirrootaayyuu dhokatteerti. \q1 \v 22 Badi'ii fi duuti, \q2 ‹Nuuti oduu isi'ii qofa \q2 gurra keennaan dhageenne› jedhan. \q1 \v 23 Waaqi karaa gara qarumma'aa geessu hin hubata; \q2 addee isiin jirtulle isa qofattuu beeka. \q1 \v 24 Inni qaccee lafaa duudii waan dhagguuf, \q2 waan ol-gubba'aan jala jiru mara dhagga. \q1 \v 25 Waaqi yennaa qilleensaaf hunna kenne, \q2 haga bisaaniille yennaa mike\f + \fr 28:25 \fr*\fqa Mike: \fqa*\ft Wodaro'oon yookiin ciqile'een haga waan tokkoo beekiisaaf laakkowiisa.\ft*\f*, \q1 \v 26 Bokkeyaaf seera, \q2 balaqqeetti'iifille karaa yennaa baase, \q2 \v 27 achiin duuba qarummaa ilaalee, \q2 gatii isi'ii murteesse; \q2 inni isii qorqoree jabeessee isii dhaabe. \q1 \v 28 Achiin duuba inni namaan, \q2 ‹Kunoo, Mootii Waan Maraa sodaatiis qarumma'a; \q2 waan hantuu irraa goriisille hubanti'i› jedhe» jedhe. \c 29 \s1 Dubbii Iyoobii Ta Dhumarraa \p \v 1 Iyoob ammalle dubbatee, \q1 \v 2 «Le'iin tiyya ta ammaa \q2 ta akka yennaa Waaqi dur na eegee \q2 adoo teete ani attam fedhaayyu! \q1 \v 3 Yennaa ifi isaa mataa kiyya irratti ife, \q2 dukkana keessa ani ifa isaatiin ideeme. \q1 \v 4 Yennaa bara qananummaa tiyyaa \q2 yennaa eeddoon Waaqaa \q2 dunkaana tiyya irra jirtu, \q2 \v 5 yennaa Waaqi waan mara dande'u na woliin jiru, \q2 yennaa ijoolleen tiyya na marsiteertu, \q2 \v 6 yennaa ani aananiin miila kiyya dhiqadhe, \q2 yennaa rassaan zayitii ejersaa naaf madde, \q2 \v 7 yennaa ani gara seensuma karra qacha'aa dhaqe, \q2 yennaa ani addee wolgeyi'ii san tee'e, \q2 \v 8 dargaggooti na dhagganee karaa irraa gorane; \q2 jaarsoleelle kaatee dhaabbatte. \q1 \v 9 Sooreyyiin kolba'aalle dubbatuu lakkittee, \q2 afaan qabatte. \q1 \v 10 Qoonqoon qondaaltotaa cadhittee, \q2 arrabi isaaniille laagadaa isaaniititti maxxane. \q1 \v 11 Ka na dhage'e duudiin na jaje; \q2 ka na dhaggelle duudiin na galateeffate. \q1 \v 12 Sababille ani worra hiyyeeyyii iyyu, \q2 rakkoo jalaa baasee, \q2 ijoollee abba'aa fi haadha hin qannelle qarqaareera. \q1 \v 13 Worri du'iisaaf dhikaate na eebbiseera; \q2 qarqaarsi ani godhe, \q2 gadhaa haadhotii hiyyeessaa gammachiiseera. \q1 \v 14 Ani balchummaa akka woya'aa uffadhe; \q2 muraa dhuga'aalle akka geella'aa uffadhee, \q2 akka marata mata'aalle maradhe. \q1 \v 15 Ani worra balla'aaf ila, \q2 worra naafafille miila te'eeraayyu. \q1 \v 16 Ani hiyyeeyyi'iif akka abba'aa te'ee, \q2 alaga'aafille wobii te'eeraayyu. \q1 \v 17 Ani a'oo nama hama'aa cassee, \q2 waan inni butatelle afaan isaa irraa buuseera. \b \q1 \v 18 «Achiin duuba ani, \q2 ‹Barri kiyya akka maansaa bacatee, \q2 manuma kiyya keessatti hin du'a. \q1 \v 19 Ani akka muka hidda gara bisaanii yaafatee, \q2 halkan guutuulle fixeensi damee isaa irra jiruu ti. \q1 \v 20 Ulfinni kiyya yennaa mara haareya te'ee hin jiraata; \q2 Hunni tiyyalle yennaa mara guubee haareya› jedhe. \b \q1 \v 21 «Namooti miidhassanee na caqasane; \q2 gorsa kiyyalle dhage'iisaaf cadhisane. \q1 \v 22 Ani dubbadheen duuba, \q2 isaan deebi'anee hin dubbanne; \q2 dubbiin tiyya gurra isaaniititti coxxe. \q1 \v 23 Isaan akka nama bokkeya eegatuu na eegatane; \q2 akka nama bokkeya furmaataa eegatuu \q2 afaan ifii bananee dubbii tiyya eegatan. \q1 \v 24 Yennaa isaan ifi addii dhabane \q2 ani isaanitti seeqadhe; \q2 ifi fuula kiyyaalle isaan jajjabeesse. \q1 \v 25 Ani karaa isaaniif filee \q2 bulchaa isaaniif te'e. \q1 Akka mooticha loltoota ifii odduu le'uu, \q2 odduu isaanii le'e. \q1 Akka nama worra gadde jajjabeessuu, \q2 isaan jajjabeesse. \b \c 30 \q1 \v 1 «Amma ammoo worri gannaan anaa gadii natti murga; \q2 ani abbootii isaanii saree tika hoolee tiyyaa eeddu woliinuu \q2 akka hin teenneef ta tuffadheeru. \q1 \v 2 Hunni isaanii waan dhumatteertuuf \q2 maan naa bayan? \q1 \v 3 Dhabaa fi beela irraa ta kaate \q2 goomolee nami keessa hin leene \q2 lafa godduu keessa halkaniin daaqane. \q1 \v 4 Isaan baala goomole'ee ka kuraawu guuratane; \q2 hidda muka hadhowuulle nyaatane. \q1 \v 5 Isaan kolbaa keessaa ari'amane; \q2 akkuma hattu'utti iyyanu namooti isaanitti iyyane. \q1 \v 6 Goda bowwaa keessaa \q2 rassaa oddu'uu fi boolla lafa jalaa keessa \q2 le'iis dirqama itti teete. \q1 \v 7 Isaan odduu tuse'eetii akka harre'ee baroodane; \q2 badda jalalle'etti wolitti qabamane. \q1 \v 8 Isaan worra bu'aa hin qanne, ka maqaa badee \q2 lafa irraa ari'ame. \b \q1 \v 9 «Isaan sirbaan natti murgan; \q2 odduu isaaniitille'etti ka mammaassaa te'eera. \q1 \v 10 Isaan na jibbanee na irraa fagaatan; \q2 itti qaanii malee fuula kiyyatti tufan. \q1 \v 11 Waaqi hunna tiyya laaffisee \q2 waan gad na qabeef, \q2 akka farda bixaalli irraa bu'ee \q2 waan fedhane na godhane. \q1 \v 12 Gara midda kiyyaatiin worri nama jeequ ka'e; \q2 isaan miila kiyyaaf tiyyoo afanee \q2 badii naaf qopheessane. \q1 \v 13 Isaan karaa natti cufanee \q2 na balleessiisa barbaadan; \q2 nami na qarqaarulle hin jiru. \q1 \v 14 Isaan akka lola'aa dalleya kiyya uranee seenane; \q2 waan mara caccassaa natti dhufane. \q1 \v 15 Ani guddoo sodaadheera; \q2 ulfinni kiyya akka waan qilleensi fudhateetitti \q2 na irraa haxowameera; \q2 fayyinni kiyya akka duumensaa dabareera. \b \q1 \v 16 «Amma lubbuun tiyya na keessaa bayaarti; \q2 guyyooti farraalle na qabataneeran. \q1 \v 17 Halkan lafeen tiyya na bocci; \q2 dhukkubiin na boccu foora naa hin kennitu. \q1 \v 18 Waaqi hunna ifii guddo'oon \q2 woyaa tiyya shuntuurachiiseera; \q2 akka woyaa morma dhipho'oo na hudheera. \q1 \v 19 Waaqi dhoqqee keessatti na gate; \q2 anille akka buku'uutii fi daadha'a te'e. \b \q1 \v 20 «Ee Waaqa, ani si waammadhe, \q2 ati ammoo naaf hin deebinne. \q1 Ani dhaabbadhee gara keeti daadimadhe; \q2 ati ammoo cadhittee na ilaalte. \q1 \v 21 Ati gadhaa natti jabaattee \q2 hunna teeti guddo'oon na miite. \q1 \v 22 Ati ol na fuutee qilleensa irra teessitte; \q2 bubbee keessa asii fi achi na hafarsite. \q1 \v 23 Gara du'aa \q2 addee worri jiru duudiin du'ee itti galutti \q2 akka ati na geessitu ani hin beeka. \b \q1 \v 24 «Ani akka mana jigee ti; \q2 eentu deebisee na ijaara ree? \q2 Adoo ani ijjumaa jigee hin badin \q2 Waaqi deebisee na hin ijaaruu ree? \q1 \v 25 Ani worra rakkateef hin boonnee ree? \q2 Worra hiyyeeyyi'iifille hin gaddinee ree? \q1 \v 26 Yennaa ani waan dansaa barbaadu \q2 wonni hantuun natti dhutte. \q1 Yennaa ani ifa eegadhulle \q2 dukkanti natti dhutte. \q1 \v 27 Keessi kiyya raafamee nageya dhabe; \q2 guyyuma guyya'aan rakkadhe. \q1 \v 28 Nafi adu'uun adoo hin te'in \q2 gaddaan gurraachowee deema; \q2 yaa'ii keessatti dhaabbadhee \q2 qarqaarsaaf iyya. \q1 \v 29 Ani namaan adda bayee jeedalaaf obboleessa \q2 guchi'iif jaala te'eera. \q1 \v 30 Gogaan nafa kiyyaa gurraachowee solloqqoye; \q2 lafeen tiyyalle o'aan gubatte. \q1 \v 31 Kiraarri kiyya guddichi bowaaf \q2 suusulleen tiyyalle worwaanataaf teete. \c 31 \q1 \v 1 «Ani ila halcha'aatiin gara durraa akka hin ilaalle \q2 ila tiyya woliin gondooroo gondooradheera. \q1 \v 2 Gubbaa irraa Waaqa biraa qoodi namaa maan? \q1 Ka waan mara dande'u ka addee oli aantuu jiru biraa \q2 dhaalli namaa maan? \q1 \v 3 Balaan worra hama'aaf \q2 badiin worra dokonkora hujuufii motii ree? \q1 \v 4 Waaqi karaa kiyya hin dhagguu ree? \q2 Tarkaaffii tiyya duudiille hin laakkowuu ree? \b \q1 \v 5 «Sobaan yoo deemee jiraadhe \q2 miilli kiyya sobiisaaf yoo ariifatee jiraate, \q2 \v 6 akka ani komii hin qanne akka beeku \q2 Waaqi kiiloo sirri'iitiin na madaaluu ti. \q1 \v 7 Faanti tiyya karaa irraa yoo gortee jiraatte \q2 gadhaan kiyya waan ilti tiyya dhaggitee \q2 yoo hordofee jiraate \q2 harki kiyyalle cubbu'uun yoo battowee jiraate, \q2 \v 8 waan ani facaase nami dhibiin nyaatuu ti; \q2 midhaan kiyya duudiille buqqa'ee baduu ti. \b \q1 \v 9 «Gadhaan kiyya dubarti'iin sossobamee, \q2 balbala ollaa kiyyaa duratti riphee \q2 haadha manaa isaa eegadhee yoo jiraadhe, \q2 \v 10 haati manaa tiyya \q2 nama dhibi'iif midhaan daattuu ti; \q2 nami dhibiille isii woliin rafuu ti. \q1 \v 11 Wonni kun yakkaa guddoo \q2 seera duratti adabbii namatti fiddu. \q1 \v 12 Cubbuun tun akka ibiddaa guddee balleessiti; \q2 ani adoo tana godhee jiraadhe \q2 karra tiyya mara hin balleessitiiyyu. \b \q1 \v 13 «Tajaajiltooti tiyya ta dhiiraatii fi ta durraa \q2 natti iyyatanuun, \q2 iyyata isaanii dhage'iisa yoo dhabee jiraadhe, \q2 \v 14 yennaa Waaqi mura'aaf ka'u \q2 ani maan godhu'uu jira ree? \q1 Yennaa inni na gaafatu \q2 ani maan deebisu'uu jira ree? \q1 \v 15 Gadaamessa haadha tiyyaa keessatti na dadee, \q2 tajaajiltoota tiyyalle ka dade isaa motii ree? \q2 Nu mara gadaamessa keessatti ka dade \q2 isumaa motii ree? \b \q1 \v 16 «Waan Hiyyeeyyiin halchite \q2 ijjumaa dhooggadhee hin beeku; \q2 haadhotii hiyyeessaalle jajjabeessiisa hin lakkinne. \q1 \v 17 Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne beelottuun \q2 sagalee tiyya qofi hin nyaanne. \q1 \v 18 Ammoo dargaggummaa tiyyaa jalqabee \q2 akka abba'aa isaaniif te'eera; \q2 bara jiruu tiyyaa mara \q2 haadhotii hiyyeessaa qarqaareera. \q1 \v 19 Nama daare tokko \q2 yookiin hiyyeessa qullaa jiru tokko dhaggee, \q2 \v 20 woyaa rifeensa hoolee tiyyaa irraa hujante, \q2 itti uffiseeruun o'ifatee \q2 yennaan inni na hin eebbisin hin jirtu. \q1 \v 21 Kora mura'aa duratti \q2 fudhatama dhaggatiisa kiyya beekee \q2 ijoollee hadhaa fi abbaa hin qanne \q2 yoo miidhee jiraadhe, \q2 \v 22 harki kiyya gurmuu tiyya irra buqqa'u; \q2 mitikaan harka kiyyaalle caccabu. \q1 \v 23 Badii Waaqi na irratti fidu waan sodaadheef, \q2 sodaachisuu arnya isaa irraa ta kaate \q2 waan akkasii godhuu hin dandeenne. \b \q1 \v 24 «Ani worqi'itti addii godhadhee hin beeku; \q2 yookiin worqii qulluulle'etti hin addanne. \q1 \v 25 Karri tiyya guddoo waan teeteef, \q2 yookiin durummaan tiyya waan bacatteef \q2 gammadee yoo jiraadhe, \q2 \v 26 ifa adu'uu, yookiin ji'a ulfinnaan deemu \q2 ilaalee yoo jiraadhe, \q2 \v 27 gadhaan kiyya dhossa'aan sobamee, \q2 ifa adu'uutii fi dansummaa ji'aatiif \q2 harka kiyya sunqatiisaan \q2 isaan waaqonfadhee yoo jiraadhe, \q2 \v 28 ani Waaqa ol-aana'aaf addatamuu waan dhabeef, \q2 tun cubbuu du'a namatti mursiittu. \b \q1 \v 29 «Ani badii worra na jibbuutitti hin ilillinne; \q2 hantuun yennaa isaan dhaqqaddelle \q2 ani hin gammanne. \q1 \v 30 Jiruun diina kiyyaa akka baddu abaaree, \q2 afaan kiyya cubbuu akka dubbatu hin goone. \q1 \v 31 Nami mana kiyyaa \q2 ‹Sagalee isaa nyaatee ka hin quufin eentu jira?› \q2 jedhan. \q1 \v 32 Ani worra karaa deemuuf \q2 balbala tiyya waan baneef \q2 keessummaan karaa keessa hin bulle. \q1 \v 33 Ani yakkaa tiyya gadhaa kiyya keessatti dhoffadhee, \q2 akka worra dhibi'ii cubbuu tiyya hin gollanne. \q1 \v 34 Kolbaa bindillaa sodaatiisaan \q2 tuffiin maati'ii na bararassitee \q2 mana keessaa adoo hin bayin \q2 cadhisee mana keessa hin teenne. \b \q1 \v 35 «Maalo'o, nama naa dhage'u adoo qabaadhe! \q2 Akka dhugaa dubbadhe mudhisiisaaf \q2 mallattoon tiyya kunoo ti. \q1 Waaqi waan mara dande'u naaf deebisuu ti; \q2 Ka na himatu himata ifii tarre'een barreeffatee \q2 adoo hin dhikeeffatuu! \q1 \v 36 Silaa ani dhugumaan himata san \q2 gurmuu tiyya irratti hin kaafadhaayyu; \q2 akka kallachaalle mataa kiyya irratti hin keyadhaayyu. \q1 \v 37 Ani laakkossa tarkaaffii tiyyaa duudii isatti hima; \q2 akka sooressa guddaa tokkoolle isatti dhikaadha. \b \q1 \v 38 «Worra lafa qabu cunqursee \q2 lafa isaaniille hunnaan fudhadhee qotee yoo jiraadhe, \q2 \v 39 midhaan isaanii kaffaltii malee nyaadhee, \q2 akka isaan du'anu godhee yoo jiraadhe, \q2 \v 40 lafa san irratti addee qamadi'ii qoreen \q2 addee garbu'uu jigidaan ajowu latuu ti» jedhe. \p Dubbiin Iyoobii as irratti dhumatte. \c 32 \s1 Eliihuun Jaalota Iyoobii Xixe \r (32:1—37:24) \p \v 1 Iyoob, «Ani nama balcha'a» waan ifiin jedheef, jarri tun sadiin deebii isaaf deebisuu lakkisane. \p \v 2 Eliihuun ilmi Baaraakelii Buzichaa ka maatii Raamii te'e, sababa Iyoob Waaqa caalaa ifi balchoonseef guddoo aare. \v 3 Jaaloti Iyoobii sadiin deebii quussitu Iyoobiif waan hin deebisiiniif, deebiin isaanii tun akka Waaqi dokonkora hujeeru waan gooteef, Eliihuun isaan irralle'etti aare. \v 4 Isaan duudiin angafoota isaa waan te'aneef, haga isaan dubbatanee fixatanutti, Eliihuun Iyoobitti dubbatiisaaf eegateeyyu. \v 5 Afaan jara sadiinii tana keessa deebiin akka hin jirre yennaa dhagge, Eliihuun aare. \p \v 6 Maarre Eliihuun ilmi Baaraakelii Buzichaa deebisee, \q1 «Ani ijoolle'e; \q2 isin nama gugurda'a; \q2 tanaaf sodaadhee waan beeku himiisaaf isinitti hin gamne. \q1 \v 7 Ani, ‹Nami gugurdaan qara dubbatuu ti; \q2 qarummaa bara heddu'utti dhaggatane barsiisanuu ti› jedhe. \q1 \v 8 Ammoo ka nama keessa bulee hubantii namaaf kennu \q2 ayyaana Waaqa waan mara dande'uu ti. \q1 \v 9 Qarummaan guddatane'eefii moti; \q2 waan sirrii te'e hubatiisille dulloomane'eefii moti. \b \q1 \v 10 «Tanaaf na caqasa'a; \q2 anille waan beeku isinitti hima. \q1 \v 11 Kunoo, ani haga isin dubbatanee fixxanu eegadhe; \q2 jechoota filataa yennaa dubbattanu \q2 miidhassee caqase. \q1 \v 12 Ani akka dansaa isin caqase; \q2 ammoo isin keessaa nami tokkolle \q2 balleessaa Iyoobii mirkaneessee \q2 dubbii isaatiif deebii ka kenne hin jiru. \q1 \v 13 Isin, ‹Nuuti qarummaa dhagganneerra; \q2 ka Iyoobiif deebii kennu \q2 Waaqa malee namaa moti› hin jedhina'a. \q1 \v 14 Iyoob isin morme malee na hin mormine; \q2 anille moromaa akka keessaniitiin isaaf hin deebisu. \b \q1 \v 15 «Isaan rifatanee waan deebisanu dhabanee \q2 dubbiin isaan duraa badde. \q1 \v 16 Kunoo, sababa isaan hin dubbanneef, \q2 waan isaan deebii deebisanu dhabanee dhaabbataneef \q2 ani isaan eeguu qabaa ree? \q1 \v 17 Anille deebii tiyya hin deebisa; \q2 waan beekulle hin mudhisa. \q1 \v 18 Ani waan dubbadhu hedduu waan qabuuf, \q2 cadhisuu hin dande'u. \q1 \v 19 Keessi kiyya daadhii woyni'ii ta cuqqaalantee, \q2 akka qalqalluu daadhii woyni'ii haareyaa \q2 ka dho'iisa geyee ti. \q1 \v 20 Akka furadhuuf dubbatuu qaba; \q2 afaan kiyya banadhee deebii kennuu qaba. \q1 \v 21 Ani nama tokkoofille hin rogu; \q2 nama tokkolle hin kukuulu. \q1 \v 22 Ani nama kukuuliisa waan hin beenneef, \q2 silaa ka na dade dafee na balleessaayyu. \b \c 33 \q1 \v 1 «Iyoob, ammalle waan jedhu dhage'i; \q2 dubbii tiyya duudiille caqasi. \q1 \v 2 Ani afaan kiyya saaqadhee, \q2 arrabi kiyya dubbatiisaaf qophoweera. \q1 \v 3 Dubbiin tiyya \q2 qajeelummaa gadhaa kiyyaa irraa dhutti; \q2 arrabi kiyyalle dhugaa dubbata. \q1 \v 4 Ayyaanni Waaqaa na dade; \q2 hafuurri Waaqa waan mara dande'uu \q2 jiruu naa kenne. \q1 \v 5 Yoo dandeette deebii naa kenni; \q2 waan dubbattu qopheeffadhuutii \q2 na dura dhaabbadhu. \q1 \v 6 Kunoo, ani Waaqa duratti akkuma keeti; \q2 nuuti lamaanuu faara irraa dadanne. \q1 \v 7 Na sodaatiis si hin bararassin; \q2 harki kiyyalle si hin cunqursu. \b \q1 \v 8 «Dhuguma ani si dhage'aaruun dubbatteerta; \q2 jecha afaan keeti keessaa bayelle dhage'eera. \q1 \v 9 Ati yennaa dubbattu, ‹Ani qulqullu'u, \q2 cubbuulle hin qabu; \q2 ani qullu'u, \q2 yakkaalle hin qabu. \q1 \v 10 Waaqi na adabiisaaf sababa na irratti barbaada; \q2 akka diina ifiille na laakkowa. \q1 \v 11 Inni miila kiyya jirma odduu galchee, \q2 tarkaaffii tiyya duudii eega› jetta. \b \q1 \v 12 «Waaqi nama duudii waan caaluuf, \q2 ani ammoo tana irratti \q2 akka ati sirrii hin te'in sitti hima. \q1 \v 13 Ati, ‹Waaqi iyyata namaa hin dhage'u› jettee, \q2 maaf isa aalatta? \q1 \v 14 Nami hin hubatu malee, \q2 Waaqi karaa adda addaatiin dubbata. \q1 \v 15 Namooti taqee ifii irra rafaneeranuun, \q2 hirriibi hamaan isaan yennaa qabu \q2 Waaqi oojju'uun, mudhii halkaniitiin dubbata. \q1 \v 16 Yennaa san inni gurra isaaniititti hin dubbata; \q2 ifi eeggachiisiisalle'een isaan bararassa. \q1 \v 17 Akka kanaan hujii hantuu irraa isaan deebisa; \q2 akka hin koorrelle isaan eega. \q1 \v 18 Lubbuu isaanii boolla irraa, \q2 jiruu isaaniille badii shallaaga'aa irraa hin hambura. \q1 \v 19 Yookiin akka nami taqee ifii gubba'atti dhukkubaan, \q2 dhukkuba hamaa ka yennaa mara lafee isaa bocuun \q2 akka adabamu hin godha. \q1 \v 20 Maarre jiruun isaa waan nyaataa, \q2 gadhaan isaalle sagalee guddoo dansa'aayyuu hin diqata. \q1 \v 21 Foon isaa dhumatee, \q2 lafeen isaa ta dur hin mudhanne yaatee mudhatti. \q1 \v 22 Lubbuun isaa gara boollaatitti \q2 jiruun isaa gara ergantoota du'aa dhikaatteerti. \b \q1 \v 23 «Karaa sirri'ii ka namaaf mudhisanu, \q2 ergantoota Waaqaa kuma keessaa tokkochi \q2 gara isaa dhufee isa hin qarqaara fa'a te'a. \q1 \v 24 Ergamaan Waaqaalle isaaf mararee, \q2 ‹Ani wodoo isaaf dhaggeera; \q2 akka inni gara boollaa gad hin buune godhi› jedhee du'a ajaja. \q1 \v 25 Achiin duuba nafi isaa deebi'ee \q2 akka nafa ijoolle'ee haareffama; \q2 akka yennaa dargaggumma'aalle te'a. \q1 \v 26 Inni Waaqa daadimata; \q2 daadimata isaalle Waaqi hin dhage'a. \q1 Inni fuula Waaqaa dhaggee hin ilillisa; \q2 Waaqille gara addee balchummaa isaatitti \q2 isa hin deebisa. \q1 \v 27 Innille namoota duratti faarfataa, \q2 ‹Ani cubbuu hujeera; \q2 waan sirrii te'e daddasseera; \q2 Waaqi ammoo yakkaa tiyya natti hin laakkonne. \q1 \v 28 Inni lubbuun tiyya gara boolla awwaalaa akka hin buune wodeera; \q2 jiruun tiyyalle ifa hin dhaggiti› jedha. \b \q1 \v 29 «Kunoo, Waaqi deddeebisee \q2 tana mara namaaf hin godha. \q1 \v 30 Inni ifa jiru'uu akka dhagguuf \q2 lubbuu namaa deebisee boolla keessaa hin baasa. \b \q1 \v 31 «Iyoob, waan ani sitti himu akka dansaa caqasi; \q2 ani hin dubbadha, ati cadhis. \q1 \v 32 Waan jettu yoo qabaatte naa deebis, \q2 ani waan bilisa si baasuuf dubbadhu. \q1 \v 33 Yoo waan jettu hin qabaatin, \q2 cadhisii na caqasi; \q2 anille qarummaa si barsiisa» jedhe. \c 34 \p \v 1 Eliihuun ammalle dubbatee, \q1 \v 2 «Isin namoota qaro'o, \q2 dubbii tiyya dhage'a'a; \q2 isin worri beekkoleen na caqasa'a. \q1 \v 3 Akkuma arrabi mi'aa sagale'ee beeku \q2 gurrille mi'aa dubbi'ii beeka. \q1 \v 4 Kowa'a waan sirrii te'e filanna; \q2 waan dansaalle woliin baranna. \b \q1 \v 5 «Iyoob ifiin, ‹Ani yakkaa hin qabu; \q2 Waaqi ammoo haqa na dhooggate. \q1 \v 6 Ani adoo dhugaa irra jiruu \q2 akka dharaamessaa laakkowame; \q2 adoo yakkaa hin qabaatin \q2 madaa hin fayyineen farriisatti jira› jedheera. \q1 \v 7 Nama attamiititti akka Iyoobii \q2 murgoo akka bisaanii una ree? \q1 \v 8 Inni worra hantuu godhu woliin jaaloma; \q2 worra hamaaleyyii wolille'een oola. \q1 \v 9 Inni, ‹Waaqa gammachiisuun \q2 womaa namaaf hin baatu› jedha. \b \q1 \v 10 «Tanaaf isin worri hubattanu na caqasa'a! \q2 Hantuu godhiis Waaqa irraa \q2 dokonkora hujiisille \q2 Waaqa waan mara dande'u irraa fagaatuu ti. \q1 \v 11 Waaqi akka hujii namaatitti namaaf hin kaffala; \q2 akkuma ideensa isaatitti \q2 akka inni dhaggatu hin godha. \q1 \v 12 Waaqi waan mara dande'u hantuu hin huju; \q2 inni haqa hin dassu. \q1 \v 13 Lafa irratti eentu ajajaa isa godhe? \q2 Biyya lafaa duudii irratti \q2 eentu itti gaafatamaa isa godhe? \q1 \v 14 Waaqi ayyaana ifii deebisee yoo fudhate, \q2 hafuura ifiille gara ifii yoo deebifate, \q2 \v 15 sanyiin namaa duudiin adduma tokko baddee \q2 gara biyye'ee deebiti. \b \q1 \v 16 «Nama hubatu yoo teete tana dhage'i; \q2 waan ani jedhulle caqasi. \q1 \v 17 Nami haqa jibbu bulchuu dande'aa ree? \q2 Ati Waaqa! Balchichaa fi hunnaamessatti \q2 yakkaa itti murtaa ree? \q1 \v 18 Mootichaan, ‹Ati woy hin baatu›, \q2 qondaaltotaan, ‹Isin worra hamaaleyyi'ii› \q2 ka jedhu eennu? \q1 \v 19 Isaan duudiin hujii harka isaa waan te'aneef, \q2 inni qondaaltotaaf hin rogu; \q2 dureessa hiyyeessa irra caalchisee hin ilaalu. \q1 \v 20 Namooti halkan wodhakkaa dedhuma du'uu dande'an; \q2 kolbaan raafantee dhumatti; \q2 worri hunnaameyyiin \q2 harki namaalle adoo isaan hin tuqin hin badan. \b \q1 \v 21 «Ilti Waaqaa ideensa namaa ilaalti; \q2 inni tarkaaffii nama tokko tokkoolle hin dhagga. \q1 \v 22 Dimimmis yookiin dukkanti dimmi \q2 addeen worri hantuu huju itti dhokatu hin jirtu. \q1 \v 23 Waaqi fuula isaa duratti mura'aaf akka dhikaatanu \q2 beellama hin qabatu. \q1 \v 24 Inni qorqortii malee hunnaameyyii baallii irraa kaasee, \q2 worra dhibii addee isaanii buusa. \q1 \v 25 Inni hujii isaanii mara waan beekuuf, \q2 halkan tokkotti baallii irraa isaan kaasee balleessa. \q1 \v 26 Inni addee nami duudiin dhaggutti \q2 hammeenna isaaniitiif isaan adaba. \q1 \v 27 Sababa isaan isa hordofuu lakkisanee, \q2 isaaf ajajamuu dhabaneef inni tana godhe. \q1 \v 28 Iyyi worra hiyyeeyyi'ii \q2 gara Waaqaa akka dhaxxu godhaneeran; \q2 Waaqille iyya isaanii dhage'eera. \q1 \v 29 Yoo inni cadhise ammoo \q2 eentu isatti mura; \q2 yoo inni fuula ifii dhoffate \q2 eentu isa dhagguu dande'a ree? \q2 Inni nama irratti, gosa biyya adda addaa irralle'etti, \q2 \v 30 worra kolbaa gowwisiisanu keessaa \q2 nama Waaqa malee jiraatu tokko mootii yoo godhe \q2 eentu isa dhoogga ree?. \b \q1 \v 31 «Nami tokko Waaqaan, ‹Ani yakkaamessa; \q2 ammoo deebi'ee hin yakku. \q1 \v 32 Waan ani hin dhaggine ati na barsiisi; \q2 yoo yakkee jiraadhe deebi'ee hin yakku› jedhe jiraa ree?. \q1 \v 33 Ati cubbuu irraa deebi'iisa didataartuun \q2 Waaqi akka yaada keetii deebisaa ree? \q1 San sittuu filata malee anaa moti; \q2 tanaaf waan beettu natti himi. \b \q1 \v 34 «Worri hubatuu, \q2 worri qaroon na dhage'ulle anaan, \q1 \v 35 ‹Iyoob beekkumsa malee dubbata; \q2 dubbiin isaalle ta gatii hin qanne› hin jedhan. \q1 \v 36 Deebiin Iyoobii ta akka worra hamootaa waan teeteef \q2 Inni haga dhumaatitti \q2 qoramee adoo hin ilaallamuu! \q1 \v 37 Inni cubbuu ifii irratti finqila ede'a; \q2 inni odduu teenna tee'ee tuffi'iin harka dhowaa \q2 dubbii moromaa ifii Waaqa irratti fakkansa» jedhe. \c 35 \p \v 1 Eliihuun itti dabalee, \q1 \v 2 «Iyoobiin ati, ‹Waaqa duratti ani balcha'a› \q2 jechuun keeti sirri'ii? \q1 \v 3 Ati Waaqaan, ‹Ani cubbuu yoo hujuu dhabe ati maan dhaggatta? \q2 Ani bu'aa maan dhaggadha ree?› jette. \b \q1 \v 4 «Amma ani si'ii fi jaalota teetii ta si woliin jirtuuf \q2 deebii hin kenna. \q1 \v 5 Ol jedhii gara ol-gubba'aa ilaal! \q2 Duumensa si'iin gubba'atti mudhatu hubadhu. \q1 \v 6 Ati cubbuu yoo hujje Waaqa maaniin miita? \q2 Balleessaan teeti yoo bacatte maan isa goota? \q1 \v 7 Ati balchaa yoo teete isaaf maan kennita? \q2 Yookiin inni harka keeti irraa maan fudhata? \q1 \v 8 Hammeenni keeti nama akka keetii hin miidha; \q2 balchummaan teetille ilmaan namaa calla'aaf bu'aa qaddi. \b \q1 \v 9 «Sababa cunqurfamiisi bacateef \q2 kolbaan hin iyyiti; \q2 harka hunnaamessaa jalaa bayiisaaf \q2 qarqaarsa dhaggatiisaaf iyyatan. \q1 \v 10 Ammoo eennulle, ‹Waaqi na dade, \q2 yennaa rakkoo guddo'oo \q2 nami akka isa faarfatu ka godhu, \q2 \v 11 ka bineensota lafaa caalaa nu barsiisu, \q2 ka sinbirroota caalaa nu qaroonsu eessa jira?› hin jedhu. \q1 \v 12 Isaan hin iyyan; \q2 inni ammoo sababa koora worra hantuu godhuutiif \q2 deebii isaaniif hin deebisu. \q1 \v 13 Dhugumaan Waaqi iyyata bu'aa hin qanne hin dhage'u; \q2 Waaqi waan mara dande'ulle \q2 gara iyya isaanii hin midhatu. \q1 \v 14 Iyoob ati, ‹Ani Waaqa hin dhaggu› yennaa jettu, \q2 inni attam iyya teeti dhage'a ree? \q1 Haajaan keeti isa dura jira, \q2 isuma eegadhu. \q1 \v 15 Waaqi aarii ifiitiin ka hin adanne, \q2 hammeenna namaalle itti ilaalaa ka taru seetaa? \q1 \v 16 Iyoob ati, dubbii bu'aa hin qanne dubbatta; \q2 beekkumsa maleelle dubbii fakkansita» jedhe. \c 36 \p \v 1 Eliihuun ammalle ede'ee Iyoobiin, \q1 \v 2 «Ani ammalle marroo Waaqaatiif \q2 waan dubbadhu waan qabuuf, \q2 diqqoo naa ossadhu. \q1 \v 3 Ani beekkumsa kiyya fagoo irraa hin fida; \q2 Waaqi na dade balchaa akka te'e \q2 ani hin mudhisa. \q1 \v 4 Dhugumaan dubbiin tiyya dharaa moti; \q2 ani nami si woliin jiru \q2 beekkumsa dhidhinna hin qanne akka qabu beeki. \b \q1 \v 5 «Dhugumaan Waaqi hunnaamessa; \q2 Inni eennulle hin tuffatu; \q2 hunni hubantii isaa guddoo jaddu'u. \q1 \v 6 Inni worra hamaa jiru'uun hin leesisu; \q2 worra cunqurfameef ammoo haqa isaanii hin kenna. \q1 \v 7 Inni ila ifii balchoota irraa hin kaasu; \q2 mootota woliin \q2 barcumaa mootumma'aa irra isaan hin teessisa; \q2 haga bara baraalle ol ol isaan hin qaba. \q1 \v 8 Namooti wodaroo sibiilaatiin yoo hidhamane \q2 yookiin wodaroo rakkinnaatiin yoo qabamane, \q2 \v 9 balleessaa isaan koora ifiitiin hujane \q2 inni isaanitti hima. \q1 \v 10 Qajeelfama akka dhage'anuuf \q2 gurra isaanii hin bana; \q2 cubbuu ifii irralle'ee akka deebi'anuuf \q2 isaan hin ajaja. \q1 \v 11 Isaan Waaqaaf ajajamanee isa yoo tajaajilane \q2 bara isaanii ka hafe \q2 durumma'aa fi gammadaan fixatan. \q1 \v 12 Isa dhage'uu yoo didane ammoo, \q2 shallaaga'aan hin badan; \q2 Waaqa beekiisa waan didaneef hin du'an. \b \q1 \v 13 «Worri Waaqa malee le'u \q2 aarii gadha'atti qabatan; \q2 yennaa inni isaan adabulle \q2 qarqaarsa dhaggatiisaaf hin daadimatanu. \q1 \v 14 Isaan dhiira Galma Waaqaa keessatti \q2 wol bukkoonsitu oddu'utti \q2 ijoollumma'aanuu du'an. \q1 \v 15 Waaqi worra rakkatanu rakkoo keessaa hin baasa; \q2 inni akka isaan rakkatanu godhaa isaan barsiisa. \b \q1 \v 16 «Inni ammalle farra hantuu keessaa, \q2 gara addee badhoo wol rakkisuun hin jiretti si baasa; \q2 qoriin teetille sagalee dansa'aan hin guutanti. \q1 \v 17 Amma ammoo muraan nama hama'aaf malte \q2 waan sitti muranteef, \q2 adabbii si'iif malte fudhatiisatti jirta. \q1 \v 18 Eennulle durumma'aan akka si hin sonne, \q2 Safuu\f + \fr 36:18 \fr*\fqa Safuu: \fqa*\ft Malaamaltummaa jechu'u.\ft*\f* guddoolle'een akka hin sobanne ifi eegadhu. \q1 \v 19 Karri teeti yookiin jabeenni hunna teetii \q2 rakkinna hamaa keessaa si baasuu dande'anii ree? \q1 \v 20 Ati halkan kolbaan addee ifii irraa baddu \q2 akka dhufu hin halchin. \q1 \v 21 Farriisaan irra hantuu hujiisa waan filatteef, \q2 gara hammeennaa akka hin deebine ifi eegadhu. \b \q1 \v 22 «Kunoo, Waaqi hunna ifiitiin ol ol jedheera; \q2 barsiisaan akka isaa eennu ree? \q1 \v 23 Waan Waaqi huju eentu itti himuu dande'a? \q2 yookiin eentu, ‹Ati dokonkorteerta› isaan jedha ree? \q1 \v 24 Hujii isaa ta nami faaru'uun leellifatu \q2 atille akka leellifattu yaadadhu. \q1 \v 25 Nami duudiin hujii isaa dhaggeera; \q2 nami martinuu fagoo irraa daaw'ata. \q1 \v 26 Dhugumaan Waaqi gudda'a; \q2 inni hubantii teennaan oli; \q2 laakkossi bara isaalle qorqoramuu hin dande'u. \b \q1 \v 27 «Bisaan lafa irraa ol fuudhee \q2 gara copha bokkeyaa ka deebisu Waaqa. \q1 \v 28 Inni bokkeya duumensa keessaa gad hin roobisiisa; \q2 namoota irralle'etti hin danbalaasa. \q1 \v 29 Inni attam akka duumensa diriirsu \q2 galma guddaa ifii keessaa attam akka mandi'u \q2 eentu hubatuu dande'a ree? \q1 \v 30 Kunoo, Waaqi adaala ifiititti \q2 balaqqeettii attam akka bittinneessu \q2 hundee abbaaya'aalle dukkanaan akka gollu ilaali. \q1 \v 31 Inni akka kanaan gosa biyya adda addaa bulcha; \q2 sagalee bacaalle isaaniif kenna. \q1 \v 32 Inni balaqqeettii harkatti qabatee \q2 lafa itti murteessetti akka dhoottu hin ajaja. \q1 \v 33 Mandiisuun bokkeenni bubbe'ee akka dhufaaru beessitti; \q2 horiille dhufiisa isi'ii hin beekan. \b \c 37 \q1 \v 1 «Bokkeenni bubbe'ee sun \q2 gadhaa kiyya hollachiisee, sheephisiise. \q1 \v 2 Qoonqoo isaa ta akka mandiisu'uu, \q2 gungunsuu afaan isaa keessaa baatulle caqasa'a. \q1 \v 3 Inni gubba'aan jala duudi'itti \q2 balaqqeettii ifii haga qaccee lafaatitti gad lakkisa. \q1 \v 4 Achiin duuba harqiis qoonqoo isaa hin dhage'anti; \q2 inni qoonqoo ifii ta sodaachittu \q2 akka mandiisu'uu hin dhageessisa; \q2 yennaa qoonqoo ifii dhageessisu \q2 balaqqeettiille duubatti hin hamburu. \q1 \v 5 Waaqi qoonqoo ifii ta bilbaasaatiin hin mandi'a; \q2 waan gugurdoo hubantii teennaan olii hin huja. \q1 \v 6 Inni dhakaa bokkeyaatiin, ‹Lafa irratti bu'i›, \q2 tiifuu bokkeyaatille'een, ‹Bokkeya jabaa te'i› hin jedha. \q1 \v 7 Nami inni dade duudiin hujii isaa beekuuf, \q2 nami martinuu hujii ifii akka dhaabu hin godha. \q1 \v 8 Yennaa san bineensoti \q2 gara goda ifii keessatti hin qubatan; \q2 mandhee ifii keessalle'etti dhokatan. \q1 \v 9 Hobonbolattiin gara kibbaatii hin dhutti; \q2 qilleensi boojji'ii gara kaabaatii dhufa. \q1 \v 10 Hafuurri Waaqaa dhakaa bokkeyaa fida; \q2 bisaan badhaalle ititee dhakaa bokkeyaa te'a. \q1 \v 11 Inni duumensi akka bisaan ba'atu hin godha; \q2 balaqqeettii ifiille duumensa keessaa balaqqisiisa. \q1 \v 12 Duumensi waan inni ajaje muummessiisaaf, \q2 qajeelcha isaatiin lafa duudii irra \q2 asii fi achi mara. \q1 \v 13 Waaqi namoota adabiisaaf \q2 lafa ifii jiisiisaaf \q2 yookiin jaalala ifii mudhisiisaaf bokkeya fida. \b \q1 \v 14 «Iyoob, tana dhage'i; \q2 me lakkisiitii hujii Waaqaa ta maade'ee \q2 yaadaan hubadhu. \q1 \v 15 Waaqi duumensa attam akka toowatu \q2 balaqqeettii duumensa ifiille \q2 attam akka balaqqisiisu ati hin beettaa? \q1 \v 16 Duumensa gubba'atti ka rarraasuu fi \q2 hujii maade'ee tana \q2 ta Waaqa beekkumsa dhidhuu hin qannee hin beettaa? \q1 \v 17 Yennaa latti qilleensa gara kibbaatiin o'itee, \q2 ati ka woyaan teeti keessatti fuurtu, \q2 \v 18 ol-gubbaa akka daaw'itii \q2 sageettuu baqisiifante irraa hujantee jabaattu, \q2 yennaa Waaqi diriirsu ati isa qarqaaruu dandeettaa? \b \q1 \v 19 «Waan Waaqaan jennu nutti himi; \q2 nuuti womaa waan hin beenneef \q2 haajaa keenna dhikeeffatiisa hin dandeennu. \q1 \v 20 Akka ani dubbatu'uu jiru \q2 nami isatti himiisa barbaachisaa ree? \q1 Nami tana dubbatiisaaf yaadu dhuguma hin bada. \q1 \v 21 Qilleensi duumensa haxowee \q2 gubbaa irraa qulqulleesseen duuba, \q2 nami tokkolle aduu midhatee ilaaluu hin dande'u. \q1 \v 22 Inni ulfinna akka worqi'ii calalaquun \q2 gara kaabaatiin hin dhufa; \q2 Waaqi arnya sodaachisa'aan hin dhufa. \q1 \v 23 Waaqi waan mara dande'u hubantii teennaan ol; \q2 hunnaan gudda'a; \q2 inni abbaa muraa dhuga'aatille'e. \q1 \v 24 Tanaaf nami marti isa sodaata; \q2 inni worra ifiin qaroo jedhu hin tuffata» jedhe. \c 38 \s1 Deebii Mootiin Waan Maraa Iyoobiif Deebise \p \v 1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa hobonbolattii keessaa Iyoobitti dubbatee, \q1 \v 2 «Dubbii beekkumsa malee dubbatantuun, \q2 gorsa kiyya ka diqqeessu kun eennu? \q1 \v 3 Akka dhiiraa hidha keeti hidhadhu; \q2 ani si gaafadha; atille naaf deebis. \b \q1 \v 4 «Yennaa ani hundee lafaa dhaabe \q2 ati eessa jirtaayyu? \q2 Hubantii yoo qabaatte natti himi. \q1 \v 5 Haga lafaa ka murteesse eennu? \q2 Isii irralle'etti sarara miki'ii\f + \fr 38:5 \fr*\fqa Mikii: \fqa*\ft Meeshaa miki'iititti fayyadamiisaan haga wonni tokko dheerattu yookiin badhattu beekiis.\ft*\f* ka diriirse \q2 eennu akka te'e hin beettaa? \q1 \v 6 Hundeen lafaa maan irratti dhaabatte? \q2 Dhakaa roga isi'iille ka dhaabe eennu? \q1 \v 7 Yennaa urjooti ganamaa wolitti qabantee faarsitu, \q2 ergantooti Waaqaalle yennaa ilillittu \q2 ati eessa jirtaayyu? \b \q1 \v 8 «Yennaa abbaayaan lafa keessaa dhoote, \q2 balbala madda isi'ii ka cufe eennu ree? \q1 \v 9 Abbaayaa duumensaan uffisee, \q2 dukkana dimmalle'een ka isii golle ana. \q1 \v 10 Meessaalle itti godhee, \q2 balbalaa fi danqaraa ka itti keye ana. \q1 \v 11 ‹Ati haga asii hin dhutta; asi irra hin dabartu! \q2 Danbaliin teeti jadduun \q2 asitti dhaabbatuu ti!› ka jedhe ana. \b \q1 \v 12 «Iyoob, bara jiruu teetii \q2 latti akka bariitu ajajjee beettaa? \q2 Bariin lafaalle addee akka qabattu gooteertaa? \q1 \v 13 Bari'iisi lafaa haga qaccee lafaa dhaqqabee, \q2 worri hamaan akka isii irraa hargufamanu gooteertaa? \q1 \v 14 Ifi bari'ii koobotii fi dhooqoti \q2 akka woyaa dachaafantee \q2 dhaabbatanee akka mudhatanu godha; \q2 akka chaappaa faara jiidhaa irratti dhowamee \q2 guddisee mudhisa. \q1 \v 15 Worra hamaa ifi isaan duraa fudhatameera; \q2 harki isaan hantuu hujiisaaf ol fudhatanelle cabeera. \b \q1 \v 16 «Ati gara madda abbaaya'aa gad buuteertaa? \q2 Yookiin hundee qilee abbaaya'aa keessa ideenteertaa? \q1 \v 17 Balbalti du'aa sitti mudhifanteerti? \q2 Yookiin balbala dukkana dimmaa dhaggiteerta? \q1 \v 18 Badhinna biyya lafaa hubatteertaa? \q2 Tana mara yoo beettu teete me natti himi. \b \q1 \v 19 «Karaan gara ifaa geessu meet? \q2 Addeen dukkanti jirtulle eessa? \q1 \v 20 Ifaa fi dukkana \q2 addee isaaniititti geessuu hin dandeettaa? \q2 Karaa gara addee isaanii geessu hin beettaa ree? \q1 \v 21 Biyyi lafaa yennaa dadante \q2 ati waan dhalatteertuuf dhuguma hin beetta; \q2 bara hedduulle leeteerta.\f + \fr 38:21 \fr*\fqa Yaada laakkossa kanaa: \fqa*\ft Wonni as irratti jedhamuu barbaadame, biyyi lafaa yennaa dadantu ati womaa hin beettuu; bara dheeraalle leetee hin jirtu yaada jedhu.\ft*\f* \b \q1 \v 22 «Ati gara mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu seenteertaa? \q2 Yookiin mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu dhaggiteertaa? \q1 \v 23 Dhakaan bokkeyaa kun, \q2 ka ani yennaa rakko'ootiif, \q2 guyyaa woraanaatii fi guyyaa lolaatiifiille maffadhe. \q1 \v 24 Karaan gara addee ifi irraa balaqqisu geessu kam? \q2 Yookiin qilleensi gara aduun baatuu \q2 eessa irraa lafatti bittinnowa? \q1 \v 25 Bokkeya gad lola'uu fi \q2 bokkeya bubbe'ee ka mandiisu'uutiif \q2 karaa ka baase eennu? \q1 \v 26 Lafa nami tokkolle hin leenetti \q2 goomolee nami tokkolle hin jirre keessa, \q2 bokkeya roobisiisee, \q2 \v 27 lafa goomolee duwwaa jiisee, \q2 marra akka baattu ka godhe eennu? \q1 \v 28 Abbaan bokkeyaatii fi copha fixeensaa eennu ree? \q1 \v 29 Dhakaan bokkeyaa gadaamessa eennuu keessaa baye? \q2 Qorra\f + \fr 38:29 \fr*\fqa Qorra: \fqa*\ft Yookiin boojjii jedhama.\ft*\f* ol-gubbaa irraa bu'u eentu dhale? \q2 \v 30 Qorri sun bisaan akka dhaka'aa jabeessee, \q2 dirri abbaaya'aa akka dhakaa bokkeyaa ite'a. \b \q1 \v 31 «Tuuta urjootaa ka, ‹Torbii\f + \fr 38:31 \fr*\fqa Torbii: \fqa*\ft Hiikkaan gariin Piliyaadis jedhan.\ft*\f*› jedhamanu, wolitti hidhuu, \q2 yookiin wodaroo tuuta urjoota, ‹Sadee\f + \fr 38:31 \fr*\fqa Sadee: \fqa*\ft Hiikkaan gariin Ooriyoon jedhan.\ft*\f*› jedhamanuu hiikuu hin dandeettaa? \q1 \v 32 Tuuta urjoota gara kibbaa yennaa isaaniititti bobbaasuu dandeettaa? \q2 Tuuta urjootaa ‹Ka bineensa Doobbaa\f + \fr 38:32 \fr*\fqa Doobbaa: \fqa*\ft Bineensa Iyyaa fakkaatu.\ft*\f*› jedhamu fakkaatu, ilmaan ijoollee isaanii woliin sooressuu dandeettaa? \q1 \v 33 Ati sirna\f + \fr 38:33 \fr*\fqa Sirna: \fqa*\ft Yookiin sirinya jedhama.\ft*\f* ol-gubba'aa beettaa? \q2 Sirni kun lafa irratti akka huju godhuu dandeettaa? \b \q1 \v 34 «Lolaan bisaanii akka si liqinsuuf, \q2 qoonqoo ol-qabattee duumensatti dubbatuu dandeettaa? \q1 \v 35 Ati balaqqeettiin akka buutu erguu dandeettaa? \q2 Isiille si'iin, ‹Kunoo, ani as jira› hin jettii? \q1 \v 36 Kormi lukku'uu bari'iisa lafaa beekee akka iyyu, \q2 yookiin sinbirreen akka mana ijaarrattu \q2 ka qarummaa kenneef eennu? \q1 \v 37-38 Yennaa bukuun lafaa jabaattee wolitti tuulantuu fi \q2 quqquuqaan lafaa wolitti qabatu, \q2 duumensa laakkowiisaaf ka qarummaa qabu eennu? \q2 Waabaa\f + \fr 38:37-38 \fr*\fqa Waabaa bisaanii: \fqa*\ft Yookiin okkotee bisaanii guddittii jedhamuu dande'a.\ft*\f* bisaanii ta ol-gubba'aa jissee, \q2 ka bisaan gad naquu dande'u eennu? \b \q1 \v 39 «Ati neenqa dhala'aaf \q2 waan nyaatu hin adansitaa ree? \q2 Yookiin dardaroota neenqaa hin quussitaa ree? \q2 \v 40 Yennaa isaan mandhee ifii keessatti riphanu, \q2 yookiin daggala keessatti \q2 dhokatanee yennaa gaadatanu, \q2 isaan hin quussitaa? \q1 \v 41 Yennaa ilmeen harraaqessaa \q2 waan nyaattu dhaddee daaxxu, \q2 gara Waaqaalle yennaa boottu \q2 ka sagalee isi'iif kennu eennu? \b \c 39 \q1 \v 1 «Yennaa godaan\f + \fr 39:1 \fr*\fqa Godaan gaaraa: \fqa*\ft Bineensa re'ee fakkaatu ka gaara irra le'u.\ft*\f* gaaraa dhalu beettaa? \q2 Gadansi dhaluun dhaggitee beettaa? \q1 \v 2 Ji'a meeqa rimeyaan turanee, \q2 yoom akka dhalanu hin beettaa? \q1 \v 3 Isaan quphananee dhalan; \q2 foolata ifii irralle'ee hin furatan. \q1 \v 4 Ilmeen isaanii baddaa keessatti guddattee jabaatti; \q2 bayanee deemaneen duuba, \q2 gara haadha ifii hin deebi'anu. \b \q1 \v 5 «Harreen diidaa gara feete akka deentu \q2 ka lakkise eennu? \q2 Hidhaana irraa ka isii hiike eennu? \q1 \v 6 Ani lafa goomole'ee mana isaanii, \q2 dirree sooddaalle \q2 addee isaan le'anu godhee kenneef. \q1 \v 7 Isaan qachaa hoga'aa irraa fagaatanee le'an; \q2 nami isaan leenjisee hujisiisulle hin jiru. \q1 \v 8 Isaan dheedaaf gaarotatti bobba'an; \q2 waan magariisa\f + \fr 39:8 \fr*\fqa Magariisa: \fqa*\ft Yookiin kushaankusha.\ft*\f* mara barbaadatan. \b \q1 \v 9 «Gafarsi si tajaajiliisaaf fedhii hin qabaataa? \q2 Moonaa teeti keessalle hin bulaa? \q1 \v 10 Gafarsa waanjoo itti hiitee \q2 moofara harkisaa akka qotu godhuu dandeettaa? \q1 \v 11 Jabeenni isaa guddaa waan te'eef \q2 isatti hin addattaa? \q2 Hujii teeti ulfaattuu isatti hin lakkittaa? \q1 \v 12 Inni midhaan keeti wolitti qabee \q2 gara eeddummee teetii akka si'iif fidu hin addattaa? \b \q1 \v 13 «Guchiin gammadaan koola ifii hargufatti; \q2 koollii isi'ii ammoo akka koola qonga'aatii moti. \q1 \v 14 Guchiin quuphaa ifii lafatti buutti; \q2 biyyeen akka itti o'ituufille achumatti lakkitti. \q1 \v 15 Isiin miilli akka caccassu, \q2 bineensotille akka irra ijjatanu hin yaadattu. \q1 \v 16 Akka waan ta isi'ii hin te'inii, \q2 cuucuu ifiititti gadhaa jabaatti; \q2 eloon isi'ii baddulle hin qortu. \q1 \v 17 Ka qarummaa isii dhoogge, \q2 ka hubantiille isi'iif hin kennin ana Waaqa. \q1 \v 18 Yennaa rukkisiisa jalqaddu \q2 fardaa fi abbaa fardaatitti hin kolliti. \b \q1 \v 19 «Iyoob, fardaaf jabeenna ka kenne si'ii? \q2 Yookiin morma isaatitti \q2 gama\f + \fr 39:19 \fr*\fqa Gama: \fqa*\ft Gami rifeensa dheeraa lumma fardaa irratti latu.\ft*\f* dhedheeraa ka uffise si'ii? \q1 \v 20 Akka korophiisaa kuruphisaa fooqqisaa \q2 akka inni nama bararassu ka godhu si'ii? \q1 \v 21 Fardi jabeenna ifiititti addatiisaan \q2 kotte'een lafa qotaa himimmisee, \q2 loliisaaf hin baya. \q1 \v 22 Inni soda'atti kolla; womaa hin sodaatu; \q2 shallaagaa irralle'ee duubatti hin deebi'u. \q1 \v 23 Eboon balaqqittuu fi marcaan \q2 subba daayaa woliin \q2 cinaacha isaatitti bubbu'ee qilillisa. \q1 \v 24 Fardi hollatee worraaqatee xinniqa; \q2 yennaa tultullaan afuufamu hin sawwaanata. \q1 \v 25 Inni yennaa tultullaan afuufamu hin fooqqisa; \q2 dhaadata abbootii duulaa, \q2 hoga'aa fi lola fago'ottuu foolee fuudha. \b \q1 \v 26 «Cululleen qarummaa teetiin koolaan kaatee \q2 gara kibbaatitti koola ifii badhifattii? \q1 \v 27 Risaan ajaja keetiin gubbaa irra ka'aa? \q2 Allaattiin ajaja keetiin \q2 mana ifii gaara irratti ijaarrattii? \q1 \v 28 Isiin rassaa ol ka'e irra le'aa \q2 achitti mana ijaarratti; \q2 rassaan sun kushee isi'ii ti. \q1 \v 29 Isiin achi jiraattee waan nyaattu dooyatti; \q2 ilti isi'iille fago'otti waan gaadattu dhaggiti. \q1 \v 30 Ilmeen isi'ii dhiiga xuuxatti; \q2 isiille addee raqi jirutti dhagganti» jedhe. \c 40 \q1 \v 1 Ammalle Mootiin Waan Maraa Iyoobiin, \q1 \v 2 «Nami ana Waaqa waan mara dande'u morkee \q2 hin sirreessaa ree? \q2 Ka Waaqa moromu deebii kennuu ti» jedhe. \s1 Iyoob \p \v 3 Achiin duuba Iyoob deebisee Mootii Waan Maraatiin, \q1 \v 4 «Kunoo ani nami woy hin baane; \q2 afaan kiyya qabatiisa malee, \q2 maan si'iif deebisa ree? \q1 \v 5 Ani takkaa dubbadheera, \q2 waan deebisu hin qabu; \q2 lammeessoolle dubbadheera, \q2 haganaa achi itti hin dabalu» jedhe. \p \v 6 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa hobonbolattii keessaa Iyoobitti dubbatee, \q1 \v 7 «Akka dhiiraa hidha keeti hidhadhu; \q2 ani si gaafadha; \q2 atille naaf deebis. \b \q1 \v 8 «Ati anaayyuu dokonkora keessa galchitaa? \q2 Ati balchaa ifi godhiisaaf yakkaa natti murtaa? \q1 \v 9 Ati hunna akka hunna tiyyaa qaddaa? \q2 Qoonqoon teetille akka qoonqoo tiyyaa hin mandiitii? \q1 \v 10 Arnyaa fi guddinnaan ifi kuuladhu; \q2 ulfinnaa fi fudhatama dhaggatiisa uffadhu. \q1 \v 11 Worra kooru ilaaliitii qaanessi; \q2 aarii teetille isaan irratti dhangalaas. \q1 \v 12 Worra kooru duudii gad qabi; \q2 worra hamoota lafa isaan dhaabbatanetti butuchi. \q1 \v 13 Fuula isaan mariitii \q2 biyya lafaa ta jalaatitti \q2 mara isaaniituu wolumatti awwaali. \q1 \v 14 Achiin duuba akka ati hunnuma teetiin injifattu, \q2 anille dhugaa si'iif hin baya. \b \q1 \v 15 «Roophii ta ani akkuma si dade, isiille dade ilaali; \q2 isiin akkuma qotiyyo'oo marra dheeddi. \q1 \v 16 Jabeenni isi'ii hidha isi'ii keessa, \q2 hunni isi'ii morgeya gadhaa isi'ii keessa jirti. \q1 \v 17 Eegeen isi'ii akka hindheensaa sooti'i; \q2 morgey miila isi'iille jaba'a. \q1 \v 18 Lafeen isi'ii akka uujjummee sageettu'uu ti; \q2 harkii fi miilli isi'ii akka ulee sibiilaa ti. \q1 \v 19 Isiin dada ani dade duudii keessaa ta qaraa\f + \fr 40:19 \fr*\fqa Ta qaraa: \fqa*\ft jechuun kun yennaa yookiin barbaachisummaa yookiin guddinna isi'ii ilaaluu dande'a.\ft*\f* ti; \q2 ana malee ka isii injifatu hin jiru. \q1 \v 20 Gaaroti bineensoti duudiin irra burraaqanu, \q2 marra isiin dheeddu baasaniif. \q1 \v 21 Isiin haxanxarii qore'ee\f + \fr 40:21 \fr*\fqa Haxanxarii qore'ee: \fqa*\ft Yookiin hammarroo jedhamuu dande'a.\ft*\f* jala ciittee, \q2 caffaa\f + \fr 40:21 \fr*\fqa Caffaa: \fqa*\ft Yookiin raaroo dhoqqe'ee.\ft*\f* keessa \q2 odduu alladdu'uutitti dhokatti. \q1 \v 22 Haxanxariin qore'ee gaaddisa ifiitiin isii golliti; \q2 muki olaati'iille isii hin marsa. \q1 \v 23 Yennaa lagi guutee danbala'u hin sodaattu; \q2 lagi Yordaanosii guutulle hin rifattu. \q1 \v 24 Eennulle adoo ilti roophi'ii dhaggituu isii qabuu, \q2 yookiin malxaqqo'oon funnaan isi'ii uruu dande'a ree? \b \c 41 \q1 \v 1 «Ati bineensa naacha fakkaatu, \q2 ka ‹Lewaataan› jedhamu malxaqqo'oon qabuu, \q2 yookiin arraba isaa \q2 wodaro'oon hidhuu hin dandeettaa ree? \q1 \v 2 Wodaroo funnaan isaa keessa baasuu, \q2 yookiin a'oo isaa malxaqqo'oon woraanuu \q2 hin dandeettaa ree? \q1 \v 3 Inni akka ati isaaf marartu si hin kadhatta ree? \q2 Dubbii laattuulle'een sitti hin dubbataa ree? \q1 \v 4 Haga bara baraa akka ati garba isa godhattuuf, \q2 wolii galtee si woliin hin godhataa ree? \q1 \v 5 Akka sinbirree mana barattee \q2 isa woliin taphatuu hin dandeettaa ree? \q2 Yookiin tapha ijoollee durraa teetiitiif \q2 isa hin hiitaa ree? \q1 \v 6 Daldaltooti qurxummi'ii gatii isaa irratti \q2 wol hin falmanii ree? \q2 Kukkutaneelle hin qoodatanii ree? \q1 \v 7 Gogaa isaa ebo'oon, \q2 mataa isaalle marcaa qurxummi'iitiin \q2 uriisa hin dandeettaa ree? \q1 \v 8 Harka keetiin yoo isa tuxxe, \q2 lola san hin qaabatta; \q2 ijjumaalle itti hin deebitu. \q1 \v 9 Bineensa san lolanee injifatiisaaf wodhaaniis \q2 toluma elowiisa; \q2 nami isa dhaggu sheephisee jiga. \q1 \v 10 Isa kakkaasiisaaf ka itti guulu eega hin jirre teete, \q2 eentu na dura dhaabbatiisa dande'a ree? \q1 \v 11 Wonni ol-gubba'aan jala jirtu marti tiyya; \q2 akka ani isaaf deebisee kaffalu \q2 waan tokkolle ka anaa kenneeru hin jiru. \b \q1 \v 12 «Ani marroo harkaa fi miila, \q2 yookiin jabeenna, \q2 yookiin miidhaginna \q2 dhaaba nafa bineensa naacha fakkaatu, \q2 ka ‹Lewaataan› jedhamuu \q2 dubbadhu malee hin cadhisu. \q1 \v 13 Gogaa nafa isaa ka dachaa te'e, \q2 eentu isa irraa quncisuu dande'a? \q2 Eentu bixaalaan isatti dhikaatuu dande'a? \q1 \v 14 Balbala afaan isaa ka ilkaan sodaachisu itti naannowe, \q2 eentu banuu dande'a? \q1 \v 15 Inni dudda jabaa \q2 akka wontee tarree galtee wolitti maxxanfantee qaba. \q1 \v 16 Tokko tokkoon wontee sanii \q2 wol wolitti guddoo waan dhikaataneeranuuf \q2 qilleensi wodhakkaa isaanii dabaruu hin dande'u. \q1 \v 17 Isaan wol wolitti waan maxxananeeranuuf, \q2 wol irraa gargar bayuu hin dande'anu. \q1 \v 18 Yennaa inni haxxifatu ifi hin balaqqisa; \q2 ilti isaa akka boruu dayya'uu ti. \q1 \v 19 Afaan isaa keessaa bobe'a ibiddaatitti baya; \q2 qaanqeen ibiddaalle afaan isaa keessaa xoxxi. \q1 \v 20 Akkuma aarri okkotee ibidda o'aa irra jirtu keessaa aaru, \q2 aarri funnaan isaa keessaa baya. \q1 \v 21 Hafuurri isaa cilee qassiisa; \q2 bobeenni ibiddaalle afaan isaa keessaa baya. \q1 \v 22 Jabeenni lumma isaa keessa jira; \q2 ka isaan wolde'u marti hin bararaqa. \q1 \v 23 Dachaan foon isaa wolitti maxxaneera; \q2 dachaan foon isaa jaba'a; hin tacho'ulle'e. \q1 \v 24 Gadhaan isaa akka dhaka'aa jaba'a; \q2 akka daaku'uulle jaba'a. \q1 \v 25 Yennaa inni ka'u \q2 worri hunnaameyyiin hin bararaqa; \q2 yennaa inni tacho'ulle gara duubaa deebi'an. \q1 \v 26 Shallaagaan, eboon, guube'ee fi \q2 mey woraanaa dhibiille \q2 isa hin miidhanu. \q1 \v 27 Inni sibiila akka huuraa, \q2 sageettuu akka muka hurroyee bulleessa. \q1 \v 28 Daayi isa hin ari'u; \q2 dhakaan looyya'aa\f + \fr 41:28 \fr*\fqa Looyyaa: \fqa*\ft Yaadannoo 1 Sam. 17:40 irratti kenname ilaali.\ft*\f* isaaf akka hicaace'ee ti. \q1 \v 29 Ciiraan isaaf akka hicaace'ee ti; \q2 yennaa nami marcaa isatti darbatu hin kolla. \q1 \v 30 Gogaan gadhaa isaa jalaa \q2 akka bassoo qara qadduu, \q2 yennaa inni mirmiqu \q2 dhoqqee irratti beessisa godha. \q1 \v 31 Inni qilee abbaaya'aa, akka keloo danfituu, \q2 abbaayaalle akka keloo zayiti'ii hin burqisiisa. \q1 \v 32 Inni karaa irra dabare akka ifu hin godha; \q2 abbaayaalle hin hoomachessa. \q1 \v 33 Biyya lafaa irra \q2 dadi woy hin sodaanne \q2 ta akka isaa hin jirtu. \q1 \v 34 Inni bineensota gugurdaa maraayyuu hin tuffata; \q2 inni bineensota gugurdaa mara irratti mooti'i» jedhe. \c 42 \p \v 1 Achiin duuba Iyoob Mootii Waan Maraatiif deebisee, \q1 \v 2 «Ati waan mara godhuu akka dandeettu, \q2 karoora keetille ka gufachiisu \q2 akka hin jirre ani hin beeka. \q1 \v 3 Ati, ‹Beekkumsa malee \q2 karoora kiyya ka dhossu eennu?› jetteerta. \q1 Dhugumaan ani waan hin hubatin, \q2 waan beekiisaaf guddoo maadee natti teete dubbadheera. \b \q1 \v 4 «Ati, ‹Na caqasi; ani hin dubbadha; \q2 ani si gaafadha, \q2 atille naaf deebis› jetteerta. \q1 \v 5 Ani marroo teeti dur gurra qofaan dhage'e; \q2 amma ammoo iluma tiyyaan si dhagge. \q1 \v 6 Tanaaf ani waan dubbadhetti fokkifadhee, \q2 buku'uu fi daadhaa irra te'ee \q2 cubbuu tiyya irraa deebi'a» jedhe. \s1 Yaada Buufataa \p \v 7 Mootiin Waan Maraa waan kana Iyoob woliin dubbateen duuba, Eliifaazii nama qachaa Temaaniitiif deebisee, «Isin akka tajaajilaa kiyya Iyoobii waan sirrii te'e waan hin dubbatiniif aariin tiyya si'ii fi jaalota teeti lamaan irratti bobeeteerti. \v 8 Tanaaf amma korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba fuudha'aatii, gara tajaajilaa kiyya Iyoobii dhaqa'a; achitti kennansa gubamu marroo cubbuu teessaniitiif dhikeeffadha'a; inni isiniif hin daadimata; anille daadimata isaa waan dhage'uuf, akka hujii fokkisiittuu teessaniititti isinitti hin muru; isin akka tajaajilaa kiyya Iyoobii, marroo tiyyaaf waan sirrii te'e hin dubbanne» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii, Biildaad nami biyya Shu'aatii fi Zofaar nami biyya Naa'imaa dhaqanee, akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane; Mootiin Waan Maraalle daadimata Iyoobii dhage'e. \p \v 10 Iyoob jaalota ifii sadiif daadimateen duuba, Mootiin Waan Maraa karra isaa addee duriititti deebisee, ta dur qabu caalaa dachaa lama kenneef. \v 11 Achiin duuba obboleeyyan Iyoobii ta dhiiraatii fi ta durraa, worri dur isa beeku duudiille gara isaa dhufanee, mana isaatitti isa woliin areerratane; isaan rakkoo guddoo Mootiin Waan Maraa isatti fide maraaf gaddanee, isa jajjabeessane; tokko tokkoon isaaniituu beesee diqqo'oo fi qubee worqi'ii kennaneef. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa jiruu Iyoobii ta durii caalaa ta duuba irraa eebbise; Iyoob hoolee kuma kudhanii afur, gaala kuma jaa, qotiyyoo ximmaadii kuma tokkoo fi harree kuma tokko qabaayyu. \v 13 Inni ammalle ilmaan torbaa fi durra sad uumate. \v 14 Inni intala ifii angafittii, «Yimiimaa» ta lammeesso'oo, «Qasi'aa» ta sadeesso'oo, «Qereen-haphuu» jedhee maqaa baase. \v 15 Lafa duudii irratti dubartiin akka durra Iyoobii guddoo miidhaddu hin jirtuuyyu; abbaan isaanii Iyoob obboleeyyan isaanii woliin dhaala isaaniif qoode. \p \v 16 Tanaan duuba Iyoob woggaa dhibba tokkoo fi afurtama le'ee, ilmaan ifii, akaakota ifii, abuubotaa fi abutturoota ifii dhagge. \v 17 Inni woggaa hedduu le'ee, dulloomee du'e.