\id JHN - Guji Bible \ide UTF-8 \h Wongeela Yohaannisii \toc1 Wongeela Yohaannisii \toc2 Wongeela Yohaannisii \toc3 Yoh. \mt2 Wongeela Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii \mt1 Ka Yohaannis Barreesse \imt Seensa \ip Wongeelli Yohaannisii Jechi Waaqaa jiraataan akka, «Nama te'ee wodhakkaa teenna le'eetitti» Yesuus dhiyeessa. Kitaabummaan kunuu akkuma jedhu, Wongeelli kun ka barreeffame, worri isa dubbisu, fayyisaa te'ee dhufa ka jedhame Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e dhugeeffatiisaan jiruu akka qabaatanu (20:31). \ip Kutaan Wongeela kanaa ka qaraa Jechi Waaqaa jiraata'aa fi Yesuus tokko te'iisa isaanii akka seensaatitti dhikeesseen duuba, fayyisaan hin dhufa jedhame Yesuus, Ilma Waaqaa te'uu isaa ka mudhisu bilbaasota adda addaa dhikeessa; kanaan duuba bilbaasota kana irraa bu'aan dhaggame maan akka te'e dabarsiin hintu itti aanti. Kutuma Kitaabuma kanaa keessatti kolbaan gariin attam akka Yesuusitti dhugeeffattee worra isa hordofu teete, worri dhibiin isa mormee itti dhugeeffatiisa akka dide hinti. Fooroti 13-17 Yesuus halkan itti qabame barattoota ifii woliin lansummaa guddoo akka qabuu fi yennaa fannifamiisi isaa geette, dubbii isaan qopheessituu fi jajjabeessitu akka itti dubbate dubbatan. Fooroti dhumaa marroo qabamiisaa fi mura'aaf dhikaatiisa Yesuusii, marroo fannifamiisaa fi du'aa ka'iisa isaa, akkasuma du'aa ka'een duuba barattoota ifiititti marroo mudhatiisa isaa dubbatan. \ip Dabarsii dubartii gaarayyeeffattuun qabantee (8:1-11) barreeffam duriitii fi hiikkaan durii durii hedduun waan hambisaneeranuuf, worri dhibiin addee dhibi'itti waan galchaneeranuuf dalleya keessa keyante. \ip Yohaannis marroo jiruu bara baraa ta karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhaggantuu ifa godhee mudhisa; jiruun bara baraa ta kennansaan dhaggantu tun jiruu ammaa tanaanuu ta jalqaddu yennaa teetu, worri jiruu tana fudhatu worra akka Yesuus karaa, dhuga'aa fi jiruu te'e mirkaneessu. Wongeela Yohaannisii wongeelota dhibii irraa ka adda godhu, dhugaa Ayyaantittii tana himiisaaf waan le'ii teenna ta guyyaa guyya'aa keessatti baratame waan akka bisaanii, waan akka daabbo'oo, waan akka ifaa, waan akka tisse'ee fi hoole'ee, waan akka muka woyni'iitii fi midhaan woyni'ii akka fakkeennaatitti itti gargaarama. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Jalqaba\ior 1:1-18\ior* \io1 Yohaannisii cuupha'aa fi barattoota Yesuusii ta qaraa\ior 1:19-51\ior* \io1 Tajaajila Yesuusii\ior 2:1—12:50\ior* \io1 Guyyoota dhumaa Yerusaalem keessaa fi adaalatti\ior 13:1—19:42\ior* \io1 Du'aa ka'iisaa fi mudhatiisa Gootta'aa\ior 20:1-31\ior* \io1 Muummee Irratti: Yennaa dhibii Galiilaa keessatti mudhate\ior 21:1-25\ior* \c 1 \s1 Jecha Jiru'uu \p \v 1 Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu. \v 2 Inni jalqabumaa Waaqa woliin jira. \v 3 Waaqi karaa isaatiin waan maraa dade; dada maraa keessaa tokkolle isaan malee hin dadanne. \v 4 Isa keessa jiru'utti jira; jiruun sun ifa namootaa ti. \v 5 Ifi dukkanatti ifa; dukkanti ijjumaa ifa hin injifattu. \p \v 6 Nami Waaqa biraa ergame, ka Yohaannis jedhamu tokko jiraayyu.\x - \xo 1:6 \xo*\xt Mat. 3:1; Mar. 1:4; Luq. 3:1-2\xt*\x* \v 7 Inni nami martinuu dubbii isaa dhage'ee akka dhugeeffatu, marroo ifa sanii kolba'atti himiisaaf dhufe. \v 8 Inni marroo ifa sanii himiisaaf dhufe malee, ifiif ifaa moti. \v 9 Ifi gara biyya lafaa dhufee nama maraaf issu sun ifa dhuga'aa ti. \p \v 10 Inni biyya lafaa keessa jiraayyu; Waaqi karaa isaatiin biyya lafaa dade; biyyi lafaa ammoo isa hin beenne. \v 11 Inni gara biyya ifii dhufe; kolbaan isaa ammoo isa hin fudhanne. \v 12 Te'uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te'anuuf midda\f + \fr 1:12\fr*\fqa Midda: \fqa*\ft Haqa\ft*\f* kenne. \v 13 Isaan Waaqa irraa dhalatane malee, fedha dhiiraa irraa yookiin fedha foonii irraa yookiin fedha dhiigaa irraa hin dhalanne. \p \v 14 Jechi nama te'ee, badhaadhaa fi dhuga'aan guutamee, odduu teenna le'e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba'aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine. \p \v 15 Yohaannis, « ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni guddoo na caala› jedhee ka ani dubbadhe isa» jedhee iyyee dhugaa baye. \p \v 16 Guutummaa badhaadha ifii irraa inni nu maraa eebbisee, eebba irratti eebba dhibii dabalee nuu kenne. \v 17 Waaqi karaa Muuse'eetiin seera kenne; badhaadhaa fi dhugaan ammoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhutte. \v 18 Ka Waaqa dhaggeeru tokkolle ijjumaa hin jiru. Ilmi tokkochi isaa Waaqi, ka cinaa Abba'aa jirutti isa mudhise. \s1 Dhugaa Bayiisa Yohaannisii Cuupha'aa \r (Mat. 3:1-12; Mar. 1:1-8; Luq. 3:1-18) \p \v 19 Yihudooti baallii qabanu hayyootaa fi Lewwoota garii, «Ati eennuu?» jedhanee akka isa gaafatanu Yerusaalem irraa gara Yohaannisii ergane. \p \v 20 Yohaannis, «Ani Masiihii moti» jedhee dubbatee dhugaa baase malee, deebisiisaaf hin didanne. \p \v 21 Isaan, «Ati eennu ree? Ati Eliyaasii» jedhanee isa gaafatane. Yohaannis, «Waawwoo ani isaa moti» jedhee deebise. Isaan, «Ati Raagichaa ree» jedhanee gaafatane. Inni, «Waawwoo» jedhee deebise. \p \v 22 Isaan, «Ati eennu ree? Worra nu ergeef deebii deebinnee himuu qanna. Ati eennu ifiin jetta?» jedhaneen. \p \v 23 Yohaannis deebisee, «Isaayaasiin raagichi akkuma dubbate, ani ‹Qoonqoo nama daandii Goottaan irra ideemu qajeelcha'a› jedhaa, lafa goomole'ee keessaa iyyuu ti» jedhe. \p \v 24 Ergantooti Fariisaayotaan ergamane, \v 25 «Ati Masiihii yookiin Eliyaas yookiin Raagicha yoo hin te'in maaf cuuxxa ree?» jedhanee Yohaannis gaafatane. \p \v 26 Yohaannis, «Ani bisaaniin isin cuupha, ka isin hin beenne ammoo odduu teessan dhaabbata. \v 27 Inni na duubaan dhufaara; ani hidhaa kophee isaa hiiku'uufille nama malee moti» jedhee deebise. \p \v 28 Wonni kun marti laga Yordaanosiitiin gama karaa aduun baatu Bittaaniya'atti, addee Yohaannis itti cuuphiisatti jirutti teete. \s1 Hoolee Waaqaa \p \v 29 Boruyyaa Yohaannis, Yesuus gara isaa dhufuun dhaggee, «Kunoo! Hooleen Waaqaa, ka cubbuu biyya lafaa balleessu. \v 30 Ka ani, ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni na caala› ka ani jedhe isaa kana. \v 31 Aninuu inni eennu akka te'u hin beenne; ammoo akka inni kolbaa Israa'eliititti mudhatuuf, ani bisaaniin cuuphaa dhufe» jedhe. \p \v 32 Yohaannis dhugaa bayee, «Ayyaanni Woyyichi akka saphaliisaa ol-gubba'aa gad dhufee isa irra bu'ee hafuun dhaggeera. \v 33 Aninuu isa hin beenne, Waaqi akka ani bisaaniin cuuphuuf na erge ammoo, ‹Ka Ayyaana Woyyichaan cuuphu, Ka Ayyaanni Woyyichi isa irra bu'ee hafuun ati dhaggitu› anaan jedheera. \v 34 Anille waan kana dhaggeera, inni Ilma Waaqaa akka te'e isinitti hima» jedhe. \s1 Barattoota Yesuusii Ta Jalqabaa \p \v 35 Guyyaa itti aanu Yohaannis ammalle barattoota ifii lamaan woliin dhaabbatiisatti jiruun, \v 36 yennaa Yesuus achiin dabaru dhaggee, «Kunoo, hooleen Waaqaa!» jedhe. \p \v 37 Barattooti Yohaannisii lamaan dubbii Yohaannisii tana dhage'anee, Yesuus hordofane. \v 38 Yesuus garagalee, isaan isa hordofanuun dhaggee, «Maan barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. \p Isaan ammoo, «Rabbii, eessa leeta?» jedhaneen; «Rabbii» jechuun, «Barsiisaa» jechu'u. \p \v 39 Yesuus, «Kowa'aatii ilaala'a!» isaaniin jedhe. Maarre isaan dhaqanee addee Yesuus le'u dhagganee, guyyaa san isa bira oolane; yennaan sun saafowa gara saatii kudhanii ti. \p \v 40 Barattoota dubbii Yohaannis dubbate dhage'anee Yesuus hordofane keessaa tokkochi, Indiryaasii obboleessa Simoon Pheexroosii ti. \v 41 Indiryaas dursee obboleessa ifii Simoon dhaggee, «Masiihii dhaggineerra» jedhee itti hime; «Masiihii» jechuun, «Kiristoos» jechu'u. \v 42 Achiin duuba Indiryaas Simoon gara Yesuusii geesse. \p Yesuus isa ilaalee, «Ati Simoonii ilma Yohaannisii ti; ammoo haganaa achi, ‹Keefaas› jedhantee waamanta» jedheen; «Keefaas» jechuun afaan Giriikiitiin, «Pheexroos» jechu'u; Pheexroos jechuun, «Rassaa» jechu'u. \s1 Yesuus Filiphoosii fi Naataanaa'el Waame \p \v 43 Guyyaa itti aanu Yesuus Galiilaa dhaqiisaaf murteeffate. Inni Filiphoos dhaggee, «Ana hordofi!» jedheen. \v 44 Filiphoos akkuma Indiryaasiitii fi Pheexroosii, nama qachaa Betsayda'aa ti. \v 45 Filiphoos Naataanaa'el dhaggee, «Nuuti ka Muuseen kitaaba seeraa keessatti marroo isaa barreesse, ka raagotille marroo isaa barreessane dhaggineerra. Inni nama biyya Naaziretii, Yesuusii ilma Yoseefii ti» jedheen. \p \v 46 Naataanaa'el, «Naaziret keessaa wonni dansaan dhaggamuu dandeettii?» jedhee Filiphoos gaafate. \p Filiphoos, «Koyiitii ilaali!» jedhee deebise. \p \v 47 Yesuus yennaa Naataanaa'el gara isaa dhufuun dhagge, «Kunoo, nami dhugumaan Israa'elichi, ka dharti tokkolle isa keessa hin jirre!» jedhee marroo isaa dubbate. \p \v 48 Naataanaa'el, «Eessatti na beetta?» jedhee gaafate. \p Yesuus, «Filiphoos adoo si hin waaminuu, muka harru'uu jala jirtuunuu si dhagge» jedheen. \p \v 49 Naataanaa'el, «Barsiisa'a, ati Ilma Waaqaa ti! Ati mootii Israa'elii ti!» jedhee deebise. \p \v 50 Yesuus, «Yennaa ati muka harru'uu jala jirtuu si dhagge waan ani jedheef dhugeeffataa? Ati waan guddoo kana caaluu hin dhaggita» jedhe. \v 51 Yesuus itti dabalee, «Dhugaa isinitti hima: Ol-gubbaan banantee, ergantooti Waaqaa Ilma Namaa irra ol bayaa gad buutuun hin dhaggitan» jedheen. \c 2 \s1 Fuudhaa Fi Heeruma Qachaa Qaana'aa \p \v 1 Guyyaa sadeesso'oo qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu. \v 2 Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran. \v 3 Yennaa daadhiin woyni'ii dhumatte, haati Yesuusii, «Daadhii woyni'ii isaan duraa dhumatte» Yesuusiin jette. \p \v 4 Yesuus, «Aayyaa, waan huju natti himu'uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne» jedhee deebise. \p \v 5 Achiin duuba haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godha'a» jettee tajaajiltootatti hinte. \p \v 6 Yihudooti aadaa dhugeeffanna'aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande'an. \v 7 Yesuus tajaajiltootaan, «Okkotoota san bisaaniin guuta'a» jedhe. Isaanille haga afaanii guutane. \v 8 Achiin duuba inni isaaniin, «Amma budduussa'aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa'a» jedhe. Isaanille isaaf geessane. \v 9 Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni'ii te'e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni'ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarre inni waajibicha waamee, \v 10 «Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!» jedheen. \v 11 Yesuus qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane. \v 12 Kanaan duuba, Yesuus haadha ifii, obboleeyyanii fi barattoota ifii woliin gara Qifirnaahoomii dhaqe; isaan guyyoota diqqaa achi turane.\x - \xo 2:12 \xo*\xt Mat. 4:13\xt*\x* \s1 Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe \r (Mat. 21:12-13; Mar. 11:15-17; Luq. 19:45-46) \p \v 13 Guyyaan Jila Irra Dabaramaa dhikaateeruun, Yesuus gara Yerusaalemii dhaqe. \v 14 Achitti inni Galma Waaqaa keessatti kolbaa loon, hoole'ee fi saphaliisa gurgurattu, worra beesee jijjiiratulle xarapheessaa isaanii bira tee'iisatti jiranuun dhagge. \v 15 Maarre inni lichee wodaro'oo dhowatee, isaan maraa, hoole'ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittinneesse. \v 16 Worra saphaliisa gurguratu saniin, «Waan kana as keessaa gad baasa'a! Mana Abbaa kiyyaa addee dikko'oo hin godhina'a!» jedhee ajaje. \v 17 Barattooti isaa, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guddi» jedhantee ta barreeffante san qaabatane. \p \v 18 Yihudooti baallii qabanu, «Ati waan kana godhiisaaf baallii akka qaddu nu'utti mudhisiisaaf bilbaasa maan godhuu dandeetta?» jedhanee isa gaafatane. \p \v 19 Yesuus, «Galma Waaqaa kana diiga'a! Ani guyyaa sad keessatti deebisee hin ijaaraa» jedhee deebise.\x - \xo 2:19 \xo*\xt Mat. 26:61; 27:40; Mar. 14:58; 15:29\xt*\x* \p \v 20 Yihudooti baallii qabanu, «Galma kana ijaariisaaf woggaa afurtamii jaa fixeera, ati guyyaa sad keessatti deebittee ijaartaa?» jedhanee isa gaafatane. \p \v 21 Galmi Waaqaa ka Yesuus dubbate sun nafuma Yesuusii ti. \v 22 Maarre inni du'aa ka'een duuba, barattooti isaa akka inni tana dubbate qaabatanee, Barreeffama Woyyichaa fi waan Yesuus dubbate dhugeeffatane. \s1 Yesuus Yaada Namaa Mara Beeka \p \v 23 Yennaa Jila Irra Dabaramaa Yesuus Yerusaalem keessa jiruun, namooti hedduun bilbaasa inni godhe dhagganee isatti dhugeeffatane. \v 24 Yesuus ammoo namoota maraa waan beekuuf, isaan hin addanne. \v 25 Inni ifiifuu waan gadhaa namaa keessa jiru waan beekuuf, marroo namootaa akka isatti himu nami tokkolle hin barbaachinne. \c 3 \s1 Yesuusii Fi Niqoodemoos \p \v 1 Gosa Fariisaayotaa keessaa sooressi Yihudootaa, ka Niqoodemoos jedhamu tokko jiraayyu. \v 2 Inni halkan tokko gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa'a, akka ati barsiisaa Waaqa biraa ergame teete beenneerra. Yoo Waaqi isa woliin jiraate malee bilbaasa ati hujattu kana eennulle dande'ee hin huju» jedheen. \p \v 3 Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo\f + \fr 3:3\fr*\fqa Lammeessoo: \fqa*\ft Oli irraa\ft*\f* hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande'u» jedhee deebise. \p \v 4 Niqoodemoos, «Nami guddateen duuba attam dhalatuu dande'a? Lammeessoo gadaamessa haadha ifii seenee dhalatuu hin dande'aa?» jedhee Yesuus gaafate. \p \v 5 Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande'u. \v 6 Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana. \v 7 Waan ani, ‹Lammeessoo dhalatuu qaddan› si'iin jedheef hin masoonfatin. \v 8 Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi'ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma» jedhee deebise. \p \v 9 Niqoodemoos, «Kun attam te'uu dande'a?» jedhee Yesuus gaafate. \p \v 10 Yesuus, «Ati barsiisaa Israa'elii teetee waan kana hin beettuu? \v 11 Ani dhugaa si'itti hima: Nuuti waan beennu dubbanna; waan dhaggine dhugaa baana; isin ammoo dhugaa bayiisa keenna hin fudhattanu. \v 12 Yennaa ani marroo waan biyya lafa tanaa isinitti himu yoo hin dhugeeffatin, yennaa ani marroo waan ol-gubba'aa isinitti himu attamiin dhugeeffattan ree? \v 13 Ilma Namaa ka ol-gubba'aa gad dhufe malee, ka gara ol-gubba'aa ol baye eennulle hin jiru. \p \v 14 «Akkuma Muuseen lafa goomole'ee keessatti dhudhuufaa sageettu'uu dongoraa irratti ol fuudhe rarraase, akkasuma Ilmi Namaalle ol fuudhamee rarraafamuu qaba. \v 15 Kunille ka isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatuuf. \v 16 Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne. \v 17 Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine. \p \v 18 «Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti. \v 19 Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane. \v 20 Ka waan hantuu godhu marti ifa jibba; hujiin isaa hantuun akka hin mudhanneef gara ifaa hin dhufu. \v 21 Ka waan dhuga'aa godhu marti ammoo hujiin inni Waaqaaf ajajamiisaan huje san akka ifi mudhisuuf gara ifaa dhufa» jedheen. \s1 Yohaannisiin Cuuphaan Marroo Yesuusii Dhugaa Baye \p \v 22 Kanaan duuba Yesuusii fi barattooti isaa gara lafa Yihuda'aa dhaqane; inni isaan woliin diqqoo achi bubbulee, kolbaalle cuuphe. \v 23 Addee Enon jedhantu ta Saalemitti dhiko'oo, bisaan guddaan waan jiruuf Yohaannis achille'etti cuuphe. Kolbaalle gara isaa dhaqaa cuuphamaa turte. \v 24 Yennaa san Yohaannis hidhamee hin jiru.\x - \xo 3:24 \xo*\xt Mat. 14:3; Mar. 6:17; Luq. 3:19-20\xt*\x* \p \v 25 Barattooti Yohaannisii gariin marroo aadaa qulqulloomiisaa Yihudicha tokko woliin wol mormiisatti ka'ane. \v 26 Maarre isaan gara Yohaannisii dhaqanee, «Barsiisa'a, namichi Yordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati marroo isaa dhugaa baate, kunoo amma cuuphiisatti jira; nami marti gara isaa dhaqiisatti jira!» jedhanee itti himane. \p \v 27 Yohaannis deebisee, «Waaqi yoo kenneef malee, eennulle waan tokkolle hin qabaatu. \v 28 ‹Ani Kiristoosii moti; ammoo isaan dura ergameeraa› akka ani jedhe isinuu dhugaa tiyya.\x - \xo 3:28 \xo*\xt Yoh. 1:20\xt*\x* \v 29 Ka waajibittii qabu waajibicha; jaalli waajibichaa, ka isa bira dhaabbatee qoonqoo isaa caqasu ammoo, yennaa qoonqoo waajibichaa dhage'u hin gammada. Gammadi sun kiyya; inni amma muummowe. \v 30 Inni guddaa te'ee, ani diqqaa te'uu qaba. \s1 Ka Ol-Gubba'aa Dhufu \p \v 31 «Ka ol-gubba'aa dhufu mara caala. Ka lafa tanaa kama lafa tanaa ti; waan lafaalle dubbata; ka ol-gubba'aa dhufu ammoo mara caala. \v 32 Inni waan dhaggee fi waan dhage'e dhugaa baya; ammoo dhugaa baya isaa ka fudhatu hin jiru. \v 33 Nami dhugaa baya isaa fudhate ammoo, Waaqi dhugaammessa akka te'e kanaan mirkaneesse. \v 34 Waaqi Ayyaana ifii safara male waan kennuuf, ka Waaqi erge dubbii Waaqaa dubbata. \v 35 Abbaan Ilma jaalata; waan maralle harka isaatitti kenneera.\x - \xo 3:35 \xo*\xt Mat. 11:27; Luq. 10:22\xt*\x* \v 36 Ka Ilmatti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa qaba; ka Ilma Waaqaatiif hin ajajanne ammoo mufii Waaqaa jala jiraata malee, jiruu hin qabaatu» jedhe. \c 4 \s1 Yesuusii Fi Dubartii Samaariya'aa \p \v 1 Yesuus Yohaannis caalaa barattoota akka dabalatiisatti jiruu fi cuuphiisatti jiru worri Fariisaayotaa dhage'ane. \v 2 Te'uu malee, ka cuuphe barattoota isaa ti malee, Yesuusii moti. \v 3 Maarre Yesuus waan jedhamiisatti jiru yennaa dhage'e, biyya Yihuda'aa lakkisee deebi'ee gara Galiila'aa dhaqe. \v 4 Inni Yennaa achi dhaqu Samaariyaa keessa dabaruu qabaayyu. \p \v 5 Maarre Samaariyaa keessatti inni gara qachaa Siikaar jedhamuu, ka fichaa Yaaqoob ilma ifii Yoseefiif kennetti dhikaatuu tokko dhufe. \v 6 Boolli bisaanii ta Yaaqoobii achi jirtiiyyu; Yesuus ideemiisaan dadhabee boolla bisaanii bira tee'e. Yennaan sun orraa gara saatii jaa ti. \p \v 7 Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatiisaaf yennaa dhutte, Yesuus isi'iin, «Bisaan uni'ii naa kenni!» jedheen. \v 8 Yennaa san barattooti isaa sagalee bitiisaaf gara qacha'aa dhaqaneeran. \p \v 9 Dubartiin sun, «Ati nama Yihudi'ii teetee ana dubartii samaariya'aa attam bisaan uni'ii gaafatta?» jetteen. Yihudooti muduunu'uu fi qorii samaariyooti itti sooratanutti hin sooratanu. \p \v 10 Yesuus deebisee, «Kennansa Waaqaatii fi ka bisaan uni'ii si gaafatiisatti jiru kun eennu akka te'e adoo beettee jiraattee, atinuu silaa isa gaafattee, inni bisaan jiru'uu si'iif kennaayyu» jedhe. \p \v 11 Dubartittiin, «Goottaa kiyya, ati waan ittiin woraabbattu hin qaddu; boollille qile'e; bisaan jiru'uu san eessaa fidda ree? \v 12 Ati abbaa keenna Yaaqoob ka boolla tana nu'uuf kenne, ka innii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maraayyuu keessaa unane, hin caaltaa?» jetteen. \p \v 13 Yesuus deebisee, «Bisaan kana ka unu marti deebi'ee hin dheebota; \v 14 bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi'ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te'a» jedhe. \p \v 15 Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ani ijjumaa hin dheebonnee fi bisaan woraabiisaaf akka ani as hin deebine, bisaan kana naaf kenni» jetteen. \p \v 16 Yesuus, «Dhaqiitii, abbaa manaa keeti waamii koy» jedheen. \p \v 17 Dubartittiin, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. Yesuus, « ‹Abbaa manaa hin qabu› jedhiis keeti dhuga'a. \v 18 Ati nama shan heerumteerta; namichi ati amma woliin jirtu abbaa manaa keetii moti. Wonni ati jette dhuga'a» jedheen. \p \v 19 Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ati raagaa teete dhagga. \v 20 Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqa waaqonfatane; isin ammoo Yihudooti addeen Waaqa itti waaqonfannu Yerusaalem te'uu qaba jettan» jetteen. \p \v 21 Yesuus, «Dubartii tana, gaara kana gubba'atti yookiin Yerusaalemitti yennaan kolbaan Abbaa hin waaqonfanne akka dhufaartu na dhugeeffadhu. \v 22 Isin worri Samaariya'aa waan waaqonfattanu hin beettanu; nuuti ammoo Yihudooti fayyinni Yihudoota keessaa waan dhufuuf, waan waaqonfannu beenna. \v 23 Yennaan worri dhuga'aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga'aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhutti; ammumaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga'aan isa waaqonfatanu barbaada. \v 24 Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaanaa fi dhuga'aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen. \p \v 25 Dubartittiin isaan, «Masiihiin Kiristoos jedhamu akka dhufu hin beeka; inni yennaa dhufe waan mara nu'utti hima» jetteen. \p \v 26 Yesuus deebisee, «Ani ka si woliin dubbatiisatti jiruuyyuu isa» jedheen. \p \v 27 Yennuma san barattooti Yesuusii deebi'anee dhufane; Yesuus dubartii woliin dubbatiisatti jiruun dhagganee masoonfatane; ammoo isaan keessaa nami tokkolle, «Maan barbaadde?» yookiin, «Maaf isii woliin dubbatta?» ka jedhe hin jiru. \p \v 28 Achiin duuba dubartittiin okkotee ifii ta bisaanii achitti lakkittee, gara qacha'aa deebitee dhaxxee, kolba'aan, \v 29 «Namicha waan ani godhe mara natti hime kowa'aatii ilaala'a. Inni Masiihii te'innaa?» jette. \v 30 Maarre isaan qachaa keessaa bayanee gara Yesuusii yaa'ane. \p \v 31 Yennuma san keessatti barattooti, «Barsiisa'a, woy nyaadhu!» jedhanee isa kadhatane. \p \v 32 Inni ammoo, «Ani sagalee nyaadhu ta isin hin beenne qaba» jedhe. \p \v 33 Maarre barattooti, «Nami woyii sagalee isaa fidee jiraatinaa?» jedhanee wol gagaafatane. \p \v 34 Yesuus isaaniin, «Sagaleen tiyya, fedhii ka na ergee godhu'uu fi hujii isaa muummessu'u. \v 35 Isin, ‹Ji'a afuritti hafeera; achiin duuba haammaan hin geetti› jettanii motii? Ani ammoo isinitti hima; me fichaa keessan miidhassa'aa ilaala'a; ammumaayyuu midhaan bilchaatee haamma'aaf geyeera! \v 36 Worri haamu ammumaayyuu gatii fudhatiisatti jira; midhaalle jiruu bara baraatiif wolitti qabiisatti jira; kunille ka facaasuu fi ka haamu akka woliin gammaduuf te'a. \v 37 Maarre mammaassi, ‹Tokko hin facaasa, kuun hin haama› jedhu dhuga'a. \v 38 Ani waan hin elowin akka haammattanu isin erge; worri dhibiin elowee, isin eloo isaanii irraa bu'aa dhaggattane» isaaniin jedhe. \p \v 39 Dubartittiin, «Waan ani godhe mara natti hime» jettee waan dhugaa baateef worri Samaariya'aa ka qachaa san keessaa hedduun isatti dhugeeffatane. \v 40 Maarre worri samaariya'aa yennaa gara isaa dhufane, isaan woliin akka turuuf isa gaafatanee, Yesuus guyyaa lamaan isaan woliin achi ture. \v 41 Sababa dubbii isaatiif namooti hedduun dhibiille dhugeeffatane; \v 42 isaan dubartitti'iin, «Yoona nuuti wonni dhugeeffannuuf, waan ati jette calla'aaf adoo hin te'in, nuutinuu isa dhageenneerra; inni dhugumaan fayyisaa biyya lafaa akka te'e beenneerra» jedhane. \s1 Yesuus Ilma Qondaala Tokkoo Fayyise \p \v 43 Guyyaa lamaan duuba, Yesuus ka'ee gara Galiila'aa dhaqe. \v 44 Inninuu, «Raagaan tokko biyya ifiititti hin ulfaatu» jedheera.\x - \xo 4:44 \xo*\xt Mat. 13:57; Mar. 6:4; Luq. 4:24\xt*\x* \v 45 Worri Galiila'aa Jila Irra Dabaramaatiif gara Yerusaalemii dhaqaneeranuun, yennaa jilaa sanitti waan inni godhe mara waan dhagganeeranuuf, yennaa inni Galiilaa geye isa fudhatane.\x - \xo 4:45 \xo*\xt Yoh. 2:23\xt*\x* \p \v 46 Achiin duuba Yesuus, addee bisaan gara daadhii woyni'ii itti jijjiire, gara qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessaa, deebi'ee dhaqe. Qondaalli mootumma'aa ka Qifirnaahoomitti ilmi isaa dhibameeru tokko achi jiraayyu.\x - \xo 4:46 \xo*\xt Yoh. 2:1-11\xt*\x* \v 47 Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa akka dhufeeru yennaa dhage'e, gara isaa dhaqee akka inni Qifirnaahoom deemee, ilma isaa ka dhibamee du'iisa geyeeru fayyisuuf isa gaafate. \v 48 Yesuus isaan, «Isin bilbaasaa fi baasa dhaggittanu malee ijjumaa hin dhugeeffattanu» jedheen. \p \v 49 Qondaaltichi mootumma'aalle, «Goottaa kiyya, ilmi kiyya adoo hin du'in maganne'ee koy!» jedheen. \p \v 50 Yesuus isaan, «Gali; ilmi keeti hin jiraata!» jedheen. \p Namichille dubbii Yesuus dubbate dhugeeffatee deeme. \v 51 Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane. \v 52 Inni saatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, «Kalee saatii torbatti dhibeen nafa o'ittu sun isa lakkitte» jedhanee deebisane. \v 53 Achiin duuba abbaan muca'aa saatii Yesuus, «Ilmi keeti hin jiraata» jedhetti akka teete hubate. Tanaaf innii fi maatiin isaa maraa dhugeeffatane. \v 54 Bilbaasi kun ka Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa deebi'ee dhufee, lammeessoo huje. \c 5 \s1 Yesuus Namicha Tokko Fayyise \p \v 1 Kanaan duuba, Yesuus jila worra Yihudootaatiif gara Yerusaalemii dhaqe. \v 2 Yerusaalem keessa karra hoolotaa bira haroon seensuma gaaddisa\f + \fr 5:2\fr*\fqa Seensuma gaaddisa qabu: \fqa*\ft Soroo yookiin sissaabii\ft*\f* qabu shan qaddu takka jirtiiyyu; afaan Hibrootaatiin «Betzataa» jedhanti\f + \fr 5:2\fr*\ft Woraabbiin durii gariin, «Betsayidaa» jedha\ft*\f*. \v 3 Kolbaan hedduun dhibanteertu, ballooleen, naafole'ee fi worri nafa laashowe seensuma gaaddisa qabu san keessa irkatanee [tacho'iisa bisaanii eegatiisatti jiraniiyyu. \v 4 Ergamaan Waaqaa yennaa tokko tokko haroo keessa gad bu'ee bisaan tachoosa. Bisaan tacho'eeruun duuba nami dhibamaan dursee haroo keessa gad bu'e, dhukkuba isa qabeeru mara irraa hin fayyaayyu.]\f + \fr 5:3-4\fr*\ft Woraabbiin durii durii gariin yaada dalleya keessa jiru kana hin qabanu\ft*\f* \v 5 Namichi woggaa soddomii saddeeti dhibamaa tureeru tokko achi jiraayyu. \v 6 Yesuus isaa achi irkatiisatti jiru dhaggee, yennaa hedduu akka inni akkas dhibamaa ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedhee isa gaafate. \p \v 7 Namichi dhibamaan sun, «Gootta'a, bisaan yennaa tacho'u nama haroo keessa na buusu hin qabu; adoo ani seeniisaaf wodhaanuu, nami dhibiin anaan dura seena» jedhee deebise. \p \v 8 Yesuus, «Ka'i, itillee teeti fudhadhuu, deemi» jedheen. \v 9 Namichi yoosuma fayyee, itillee ifiille fudhatee deeme. \p Guyyaan wonni sun teete sanbata. \v 10 Maarre Yihudooti, namicha fayye saniin, «Adhi sanbata; itillee teeti ba'atiisa seerri keenna si dhoogga» jedhane. \p \v 11 Inni deebisee, «Namicha na fayyisetti, ‹Itillee teeti fudhadhuu deemi!› anaan jedhe» isaaniin jedhe. \p \v 12 Isaan, «Namichi, ‹Itillee teeti fudhadhuu deemi!› siin jedhe eennu inni?» jedhanee isa gaafatane. \p \v 13 Gumiin addee sanitti waan heddatteertuu fi Yesuusille achii waan deemeeruuf, namichi fayye sun Yesuus eennu akka te'e hin beenne. \p \v 14 Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa keessatti isa dhaggee, «Kunoo, amma fayyiteerta; maarre wonni kana caalu akka sitti hin dhunne, haganaa achi cubbuu hin hujin» jedheen. \p \v 15 Achiin duuba namichi deemee, ka isa fayyise Yesuus akka te'e, Yihudootatti hime. \v 16 Maarre sababa Yesuus sanbataan fayyiseef, Yihudooti isa miidhiisa jalqabane. \v 17 Yesuus, «Abbaan kiyya yennaa mara hujiisatti jira; anille hujuu qaba» isaaniin jedhe. \p \v 18 Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te'in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane. \s1 Baallii Ilmaa \p \v 19 Maarre Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima, Ilmi ifuma ifiitiin womaa godhuu hin dande'u; inni woma Abbaan isaa godhuun dhagge qofaa godha. Woma Abbaan godhu, Ilmille godha. \v 20 Abbaan Ilma waan jaalatuuf, waan ifii godhu mara isatti hin mudhisa. Akka isin masoonfattanuuf, waan kana caaluuyyuu isatti hin mudhisa. \v 21 Akkuma Abbaan worra du'ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna. \v 22 Abbaan eennulle'etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera; \v 23 Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu. \p \v 24 «Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage'u ka na ergelle'etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du'a irraa gara jiru'uu tareera; isatti hin murantu. \v 25 Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du'ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage'anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage'u jiru'uun le'a. \v 26 Akkuma Abbaan madda jiru'uu te'e, Ilma ifiille madda jiru'uu akka te'u godheera. \v 27 Inni Ilma Namaa waan te'eef, muraa akka kennu, Abbaan baallii isaaf kenneera. \v 28 Waan kana hin masoonfatina'a; yennaan worri du'e marti qoonqoo isaa dhage'u hin dhutti; \v 29 awwaala ifii keessaalle'ee hin bayan; worri dansaa hujeeru jiruu dhaggatiisaaf ka'an; worri hantuu hujeeru akka itti murantuuf ka'an. \s1 Yesuusiif Dhugaa Bayane \p \v 30 «Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande'u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage'e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga'a. \p \v 31 «Ani yoo waan kiyya dhugaa baye, dhugaa bayiisi kiyya akka dhuga'aatitti hin fudhatamu. \v 32 Ammoo ka anaaf dhugaa bayu ka dhibiin hin jira, wonni inni marroo tiyyaaf dhugaa baye sun dhugaa akka teete ani hin beeka. \v 33 Isin ergantoota teessan gara Yohaannisii ergitane; inni dhuga'aaf dhugaa baye. \v 34 Akka isin fayyitanu tana jedhe malee, ani dhugaa bayiisa namaa hin fudhadhu. \v 35 Yohaannis akka xassaa bobe'ee ifuu ti; isin yenna'aaf ifa isaatitti gammadu'uuf barbaaddane. \v 36 Ani ammoo dhugaa baya Yohaannisiituu caalaa dhugaa baya qaba; hujiin akka ani muummessuuf Abbaan kiyya naa kennee, hujiisatti jiru tun, akka Abbaan kiyya na erge dhugaa baati. \v 37 Abbaan kiyya ka na ergeeyyuu dhugaa naaf bayeera. Isin ijjumaa qoonqoo isaa hin dhageenne yookiin akka akki isaa jiru ijjumaa hin dhaggine;\x - \xo 5:37 \xo*\xt Mat. 3:17; Mar. 1:11; Luq. 3:22\xt*\x* \v 38 ka inni ergetti waan hin dhugeeffatiniif, jecha isaa gadhaa keessanitti hin qabanne. \v 39 Isin Barreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan! \v 40 Isin ammoo jiruu dhaggatiisaaf gara kiyya dhufiisa hin feetanu! \p \v 41 «Ani ulfinna nama irraa hin barbaadu. \v 42 Ammoo akka isin jaalala Waaqaa hin qanne ani hin beeka. \v 43 Ani maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufee, isin ammoo na hin fudhanne; nami dhibiin yoo maqaa ifiitiin dhufe, isin ammoo isa hin fudhattan. \v 44 Isin ulfinna wolii irraa dhaggatuu ka barbaaddanu, ulfinna Waaqa tokkocha irraa dhufu ammoo ka hin barbaanne, attam natti dhugeeffatiisa dandeettan ree? \v 45 Ani Abbaa kiyya duratti waan isin himadhu hin seyina'a. Muusee isin addii itti godhattanettuu isin himata. \v 46 Adoo Muuse'etti dhugeeffattanee jiraattane, inni waan marroo tiyyaaf barreesseef natti hin dhugeeffattaniiyyu. \v 47 Ammoo waan inni barreesse yoo hin dhugeeffatin, waan ani jedhu attam dhugeeffatuu dandeettan?» jedhe. \c 6 \s1 Yesuus Nama Kuma Shan Areere \r (Mat. 14:13-21; Mar. 6:30-44; Luq. 9:10-17) \p \v 1 Achiin duuba Yesuus gara Abbaayaa Galiila'aa ta Xiberiyaas jedhantuun gamatti bu'e. \v 2 Gumiin hedduun baasa inni worra dhibamaa fayyisiisaan tolche waan dhaggiteef isa hordotte. \v 3 Yesuus gara gaara tokkoo ol bayee, barattoota ifii woliin tee'e. \v 4 Yennaa san Jilti Irra Dabaramaa ta Yihudootaa dhikaatteertiiyyu. \v 5 Yesuus adaala ifii ilaalee, gumiin hedduun gara isaa dhufiisatti jirtuun dhaggee, Filiphoosiin, «Sagalee kolbaan tun nyaattu eessaa binna?» jedhe. \v 6 Inni waan Filiphoos jedhu ilaaliisaaf tana jedhe malee, maan akka godhu hin beekaayyu. \p \v 7 Filiphoos, «Daabboon mindaa ji'a saddeetiille\f + \fr 6:7\fr*\fqa Mindaa ji'a saddeetii: \fqa*\ft Dinaara dhibba lama\ft*\f* diqquma diqqoolle'een isaan mara hin geettu» jedhe. \p \v 8 Barattoota isaa keessaa, Indiryaasiin obboleessi Simoon Pheexroosii, \v 9 «Mucaan tokko ka daabboo garbu'uu xaltaa shanii fi qurxummii lama qabu as jira. Tun ammoo kolbaa tana maraaf hin geettu» jedheen. \p \v 10 Yesuus isaaniin, «Kolbaa teessisa'a» jedhe. Marra gudda'atti achi jiraayyu; maarre dhiirti gara kuma shanii gad teteette. \v 11 Yesuus xaltaa fuudhee, Waaqa galateeffatee, kolbaa achi tee'iisatti jirtuuf haga isaan barbaadane qoode; qurxummiille akkasuma tolche. \v 12 Isaan mara yennaa quufane, inni barattoota ifiitiin, «Hambaa hatte irraa wonni tokkolle akka hin banne wolitti qaba'a» jedhe. \v 13 Maarre isaan xaltaa daabboo garbu'uu shanan kolbaan nyaatteertuun, hambaa hatte wolitti qabanee kollonjoo kudhanii lama guutane. \p \v 14 Kolbaan yennaa bilbaasa Yesuus huje kana dhaggite, «Kun dhugumaan raagicha gara biyya lafaa dhufu'uu jiruuyyu!» jette. \v 15 Yesuus akka isaan hunnaan isa qabanee, mootii isa godhachu'uuf dhufaaranu beekee, qofii ifii ammalle gara gaaraa deeme. \s1 Yesuus Bisaan Gubbaa Ideeme \r (Mat. 14:22-33; Mar. 6:45-52) \p \v 16 Yennaa latti galgalootte, barattooti Yesuusii gara abbaaya'aa gad bu'anee, \v 17 hoboloo takka seenanee, abbaaya'aan gama gara Qifrinaahomii bu'iisaaf ka'ane. Latti dukkanoottelle'een Yesuus gara isaanii hin dhunne. \v 18 Bubbeen waan bubbisiisatti jirtuuf bisaan raafame. \v 19 Haga kiiloomeetira shanii yookiin jaa shaffisa'aan laaqaneeranuun, Yesuus bisaan gubbaa ideemaa, gara hobolo'oo dhufee dhikaatiisatti jiruun dhagganee bararaqane. \v 20 Yesuus ammoo, «Wonni anaa, hin bararaqina'a!» isaaniin jedhe. \v 21 Achiin duuba isaan gara hobolo'oo isa fudhatiisa barbaadane; hoboloon ammoo yoosuma lafa dhaqiisatti jiranu geette. \s1 Kolbaan Yesuus Barbaadde \p \v 22 Guyyaa lammeesso'oo kolbaan abbaaya'aan gamatti hatte, hoboloon takkattiin callaan akka achi jirtu hubatte. Yesuus barattoota ifii woliin hobolo'oon akka hin deemin, barattooti ammoo qofuu akka deemaneeranu kolbaan sun beette. \v 23 Hobolooti dhibiin, Xiberiyaas irraa, gara lafa addee Goottaan galata galcheeruun, kolbaan daabboo itti nyaatteen dhikaattuu dhufane. \v 24 Kolbaan, Yesuusii fi barattooti isaa akka achi hin jirre yennaa dhaggite, hoboloota san seentee Yesuus barbaadiisaaf, gara Qifirnaahoomii dhaxxe. \s1 Yesuus Sagalee Jiru'uu ti \p \v 25 Kolbaan abbaaya'aan gamatti yennaa Yesuus dhaggite, «Barsiisa'a, yoom as dhutte?» jetteen. \p \v 26 Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima; isin waan sagalee nyaattanee quuttaneef na barbaadiisatti jirtan malee, bilbaasa kiyya waan dhaggitaneefii moti. \v 27 Sagalee badduuf hin hujina'a; sagalee jiruu bara baraatiif jiraattuuf ammoo huja'a. Waaqi Abbaan, chaappaa\f + \fr 6:27\fr*\fqa Chaappaa: \fqa*\ft Beessisa\ft*\f* ifii ka ittiin mirkaneessu waan isa irratti godheeruuf, Ilmi Namaa sagalee san isiniif hin kenna» jedhe. \p \v 28 Maarre isaan, «Hujii Waaqi akka hunyuuf barbaadu hujiisaaf maan goona?» jedhaneen. \p \v 29 Yesuus deebisee, «Wonni akka isin gootanu Waaqi barbaadu, ka inni ergetti dhugeeffatiisa» jedhe. \p \v 30 Isaan, «Akka dhagginee si'itti dhugeeffannu bilbaasa maan goota? Maan hujja? \v 31 Akkuma Barreeffam Woyyichi, ‹Inni sagalee ol-gubbaa irraa akka nyaatanu isaaniif kenne› jedhu, Abbootiin teenna lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa\f + \fr 6:31\fr*\fqa Mannaa: \fqa*\ft Yennaa kolbaan Israa'elii lafa goomole'ee keessa marte, Goottaan sagalee sagalee dhibii irraa adda teete isaanii kenne. Sagaleen sun yoo afaaniin qabanu busukutii busukutii jetti\ft*\f* jedhantu nyaatte» jedhaneen. \p \v 32 Yesuus, «Ani dhuguma isinitti hima; ka sagalee ol-gubbaa irraa isiniif kenne Muuse'ee moti; ka sagalee dhuga'aa ol-gubbaa irraa isiniif kennu Abbaa kiyya. \v 33 Sagaleen Waaqi kennu sun, ka ol-gubbaa irraa gad dhufee, jiruu biyya lafaatiif kennu» jedheen. \p \v 34 Isaan, «Gootta'a, sagalee tana yennaa mara nu'uuf kenni» jedhaneen. \p \v 35 Yesuus isaaniin, «Sagaleen jiru'uu ana; ka gara kiyya dhufu ijjumaa hin beelotu; ka natti dhugeeffatu ijjumaa hin dheebotu. \v 36 Akkuma ani isinitti hime, isin na dhaggitaneertan; ammoo hin dhugeeffanne. \v 37 Ka Abbaan kiyya naaf kennu mara gara kiyya hin dhufa. Ka gara kiyya dhufu ani ijjumaa ifi irraa hin ari'u. \v 38 Wonni ani ol-gubbaa irraa gad dhufeef, fedha ka na ergee godhiisaaf malee, fedha kiyya godhiisaafii moti. \v 39 Fedhiin ka na ergee, worri inni naaf kenne mara guyyaa muumme'ee akka jiru'uuf isaan kaasu malee, isaan keessaa tokkolle akka ani balleessuufii moti. \v 40 Fedhiin Abbaa kiyyaa, nami Ilma isaa dhaggee itti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa akka qabaatu. Anille guyyaa muumme'ee jiru'uuf isa kaasa» jedhe. \p \v 41 Worri Yihudootaa waan inni, «Sagaleen ol-gubbaa irraa gad dhutte ana» jedheef itti gungumiisatti ka'ane. \v 42 Maarre isaan, «Namichi kun Yesuusii ilma Yoseefiitii moti? Abba'aa fi haadha isaa hin beenna. Amma inni attamiin, ‹Ol-gubba'aa gad bu'e› jedha ree?» jedhane. \p \v 43 Yesuus deebisee, «Wolitti gungumiisa lakkisa'a. \v 44 Abbaan na erge yoo isa harkise\f + \fr 6:44\fr*\fqa Yoo isa harkise: \fqa*\ft Akka gara kiyya dhufu yoo isa godhe\ft*\f* malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u; anille guyyaa muumme'ee du'aa isa hin kaasa. \v 45 Raagoleen, ‹Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te'a› jedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage'uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa. \v 46 Ka Waaqa biraa dhufe qofattuu Abbaa dhaggeera male, nami tokkolle Abbaa dhaggee hin jiru. \v 47 Ani dhugaa isinitti hima; nami dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba. \v 48 Sagaleen jiru'uu ana. \v 49 Abbootiin teessan lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte; te'uu male duute. \v 50 Sagaleen nami akka hin duuneef akka nyaatu, ol-gubbaa irraa gad buutu ammoo tana. \v 51 Sagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya» isaaniin jedhe. \p \v 52 Yihudooti, «Namichi kun attam foon isaa akka nyaannu nu'uu kenniisa dande'a?» jedhanee wol mormiisatti ka'ane. \p \v 53 Yesuus isaaniin, «Ani dhuguma isinitti hima: isin yoo foon Ilma Namaa hin nyaatin, dhiiga isaalle yoo hin unin, jiruu ifi keessaa hin qaddanu. \v 54 Nami foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu jiruu bara baraa qaba; Ani guyyaa muumme'ee du'a keessaa isa hin kaasa. \v 55 Foon kiyya sagalee dhuga'aa ti; dhiigi kiyyalle unii dhuga'aa ti. \v 56 Ka foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu anaan jiraata; Anille isaan jiraadha. \v 57 Abbaan jiraataan akkuma na erge, Anille sababa Abba'aa akkuma jiraadhu, nami na nyaatulle sababa kiyya hin jiraata. \v 58 Sagaleen ol-gubba'aa gad buute sun tana ree; isiin ta akka abbootiin teessan nyaattee, ammoo achiin duuba duuteetii moti. Sagalee tana ka nyaatu haga bara baraa hin jiraata» jedhe. \p \v 59 Yesuus Qifirnaahoomitti Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti yennaa barsiisiisatti jiru tana dubbate. \s1 Jecha Jiruu Bara Baraa \p \v 60 Barattooti isaa hedduun kana dhage'anee, «Barsiisi kun guddoo jabaata. Eennutti isa fudhatiisa dande'a?» jedhane. \p \v 61 Yesuus akka barattooti marroo waan kanaa gungumiisatti jiranu beekee, «Wonni kun isin gufachiisaa? \v 62 Ilmi Namaa addee dur jirutti deebi'ee ol bayiisatti jiruun yoo dhaggitane maan jettan ree? \v 63 Ayyaanni Waaqaa jiruu kenna; hunni namaa womaa bu'aa hin qaddu. Jechi ani isinitti dubbadhe Ayyaana Waaqaa ti; jiruulle'e. \v 64 Ammoo isin keessaa worri hin dhugeeffanne gariin jiran» isaaniin jedhe. Yesuus ka isa hin dhugeeffannee fi ka isa dabarsee kennu eennu akka te'e duruu beekeera. \v 65 Yesuus ede'ee, «Ani waan kanaaf ka Abbaan kiyya akka gara kiyya dhufu godhe malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u isiniin jedhe» jedhe. \p \v 66 Waan kanaaf, barattoota isaa keessaa hedduun gara duubaa deebi'ane; eega san isa woliin hin deenne. \v 67 Maarre Yesuus barattoota kudhanii lamaaniin, «Isinille deemuu barbaaddanii?» jedhee gaafate. \p \v 68 Simoon Pheexroos, «Gootta'a, gara eennuu deenna? Ati Jecha jiruu bara baraa kennu qadda. \v 69 Ati Woyyicha Tokkocha Waaqaa akka teete dhugeeffanneerra; beenneerralle'e» jedhaneen.\x - \xo 6:69 \xo*\xt Mat. 16:16; Mar. 8:29; Luq. 9:20\xt*\x* \p \v 70 Yesuus deebisee, «Isin kudhanii lamaan ka file anaa motii? Te'uu malee isin keessaa tokko Seexana» jedhe. \v 71 Inni marroo Yihudaa ilma Simoonii nama biyya keriyootii, ka barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko te'ulle, isa dabarsee kennaaruu dubbate. \c 7 \s1 Yesuusii Fi Obboleeyyan Isaa \p \v 1 Kanaan duuba, Yihudooti baallii qabanu lafa Yihuda'aa keessa jiranu, isa ijjeesiisaaf waan barbaadaneef, Yesuus Galiilaa keessa deddeebi'e malee, Yihudaa keessa deddeebi'uu hin barbaanne. \v 2 Jilti Yihudootaa ta jila Gose'ee jedhantu dhikaatteertuun, \v 3 obboleeyyan Yesuusii isaan, «Barattooti teeti hujii ati hujiisatti jirtu akka dhagganu, addee tana lakkisii gara lafa Yihuda'aa deemi. \v 4 Eennulle guddoo beekkamuu yoo barbaade, waan hujatiisatti jiru hin dhossu. Ati hujii tana eega hujjee, biyya lafaatitti ifi mudhisi» jedhaneen. \v 5 Obboleeyyan isaatuu isatti hin dhugeeffanne. \p \v 6 Yesuus isaaniin, «Yennaan tiyya ta anaaf teetu ammalle hin geenne. Yennaan martinuu isiniif ta teetu. \v 7 Biyyi lafaa isin jibbiisa hin dandeettu; ani ammoo hujiin isi'ii badduu akka teete waan himiisatti jiruuf na jibbiti. \v 8 Isin gara jilaa dhaqa'a. Yennaan naaf teetu waan hin geyiniif, ani gara jila tanaa hin dhaqu» jedhe. \v 9 Inni tana jedheen duuba lafa Galiila'aatitti hafe. \s1 Yesuus Jila Gose'ee Irratti Dhaggame \p \v 10 Obboleeyyan isaa gara jilaa deemaneeranuun duuba, Yesuusille mudhi'iin adoo hin te'in dhokaataan dhaqe. \v 11 Jila irratti Yihudooti baallii qabanu isa barbaadanee, «Inni eessa jira?» jedhanee gaafatane. \p \v 12 Gumii keessatti marroo isaa guddoo hasaasane. Worri gariin, «Inni nama dansa'a» jedhe. Worri dhibiin, «Waawwo'o, inni kolbaa dokonkorsiisatti jira» jedhe. \v 13 Ammoo Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, eennulle marroo isaa mudhi'iin hin dubbanne. \p \v 14 Jilti wodhakkaa geetteertuun, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee barsiisuu jalqabe. \v 15 Yihudooti baallii qabanu guddoo maalalanee, «Namichi kun adoo hin baratin attam akka malee wo beeka?» jedhane. \v 16 Yesuus deebisee, «Wonni ani barsiisu ka na erge biraa dhutte malee, barsiisa kiyyaa moti. \v 17 Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka. \v 18 Nami ifi keessaa fuudhee dubbatu, ulfinna ifii waan barbaaduuf tana godha. Nami ulfinna ka isa ergeetiif huju ammoo dhugaamessa; dharti takkaalle isa keessa hin jirtu. \v 19 Muuseen seera isinii kenneeraa motii? Isin keessaa tokkolle ammoo ka seera eegu hin jiru. Isin maaf na ijjeesiisaaf barbaaddan?» jedhe. \v 20 Gumiin deebittee, «Ati durriisa ifi keessaa qadda! Eentu si ijjeesiisaaf barbaadiisatti jira?» jetteen. \v 21 Yesuus, «Ani baasa tokko hujee jennaan, isin maraayyuu maalalfattane. \v 22 Muuseen akka isin ilmaan teessan haqanqabaa qaddanu isin ajaje; haqanqabaa kana ka jalqabe Muusee adoo hin te'in abbootii teessan teetulle, isin Sanbatalle'een ilma haqanqabaa qaddan. \v 23 Seerri Muuse'ee akka hin banneef, guyyaa Sanbataatiin ilma tokko haqanqabaa yoo ka qabanu te'e, maaf guyyaa Sanbataatiin ani nama tokko guutuma guutu'utti waan fayyiseef natti aartan? \v 24 Muraa dhuga'aa mura'a malee, fuula ilaaltanee muruu lakkisa'a» jedhe. \s1 Yesuus Masiihii? \p \v 25 Kolbaan Yerusaalemii gariin, «Namichi kun ka isaan ijjeesiisaaf barbaadanuu motii? \v 26 Ilaala'a! Inni badhinumatti dubbatiisatti jira; isaan isa mormanee womaa hin jenne! Worri baallii qabu akka inni Masiihii te'e dhugumaan beekanee jiraatanuu? \v 27 Yennaa Masiihiin dhufu, inni eessaa akka dhufu eennulle hin beeku. Namichi kun ammoo eessaa akka dhufe hin beenna» jedhane. \v 28 Yesuus adoo Galma Waaqaa keessatti barsiisuu qoonqoo ol qabatee, «Isin ana hin beettan; eessaa akka dhufelle hin beettan. Ani baalluma tiyyaan hin dhunne. Te'uu malee, ka na erge dhugaamessa. Isin isa hin beettanu; \v 29 ani ammoo isa biraa waan dhufee fi inni waan na ergeef isa hin beeka» jedhe. \v 30 Achiin duuba isaan isa qabiisaaf barbaadane; ammoo yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle harkaan isa hin tundhe. \p \v 31 Gumii san keessaa hedduun isatti dhugeeffatanee, «Masiihiin yennaa dhufu, bilbaasa namichi kun godhe caalaa inni bilbaasa hin godhaa laati?» jedhane. \s1 Yesuus Qabiisaaf Eedduu Itti Ergane \p \v 32 Fariisaayoti gumiin waan kana marroo Yesuusii hasaasanuun dhageettee, sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti Yesuus qabiisaaf eedduu Galma Waaqaa itti ergane. \v 33 Yesuus, «Ani yennaa gabaadduu calla'aaf isin woliin jiraadhee, achiin duuba gara ka na ergee hin deema. \v 34 Isin na hin barbaaddan; ammoo na hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu» jedhe. \p \v 35 Yihudooti baallii qabanu, «Addee nuuti isa hin dhaggine inni eessa dhaqaara? Inni addee kolbaan teenna leetu gara qachoota Giriiki'ii dhaqee, Giriikoota barsiisiisaafii? \v 36 ‹Isin na hin barbaaddan; ammoo na hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu› jechuun maan jechuu isaa ti?» jedhane. \s1 Madda Bisaan Jiru'uu \p \v 37 Guyyaa muummeffata jilaa, guyyaa guddaa Yesuus ol ka'ee qoonqoo guddo'oon, «Nami dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee unuu ti. \v 38 Akkuma barrreeffam Woyyichi jedhe, ‹Ka natti dhugeeffatu, maddi bisaan jiru'uu isa keessaa burqa› » jedhe. \v 39 Yesuus marroo Ayyaana Woyyicha worri isatti dhugeeffatu fudhatuutiif tana jedhe; Yesuus gara ulfinnaa ol waan hin fudhataminiif, yennaa san Ayyaanni Woyyichi kennamee hin jiru. \s1 Kolbaan Gargar Qoodante \p \v 40 Gumii san keessaa namooti gariin jecha isaa kana dhage'anee, «Namichi kun dhugumaan raagicha» jedhane. \p \v 41 Worri dhibiin, «Inni Masiihii» jedhane. Worri dhibiin ammoo, «Masiihiin Galiilaa irraa hin dhufaa? \v 42 Barreeffam Woyyichi, Masiihiin sanyii mooticha Daawitii keessaa, qachaa Daawiti le'e, Beeteelem keessatti dhalata jedhaa motii?» jedhane. \v 43 Maarre sababa Yesuusiitiif gumiin gargar qoodante. \v 44 Worri gariin isa qabiisaaf barbaade, ammoo eennulle isa harkaan hin tundhe. \s1 Dhugeeffata Dhabiisa Yihudoota Baallii Qabanuu \p \v 45 Eedduun Galma Waaqaa gara sooreyyii hayyootaatii fi Fariisaayota yennaa deebi'anee dhaqane, «Isin maaf isa fidiisa dhaddane?» jedhanee eedduu Galma Waaqaa gaafatane. \v 46 Eedduun Galma Waaqaa, «Akka namichi kun dubbate eennulle ijjumaa dubbattee hin beeku» jedhanee deebisane. \v 47 Worri Fariisaayotaa, «Isinille sobantanee? \v 48 Worra baallii qabu yookiin Fariisaayota keessaa nami isatti dhugeeffateeru jiraa? \v 49 Gumiin seera Muuse'ee hin beenne tun, abaarsa Waaqaa jala jirti!» jedhaneen. \v 50 Namichi duraan gara Yesuusii dhaqeeru, ka Fariisaayota keessaa tokko te'e Niqoodemoos, \v 51 «Akka seera keennaatitti nama tokko dhage'anee waan inni godheeru adoo hin dhaggin itti muruun hin dande'amaa?» jedhee gaafate. \v 52 Isaan, «Atille nama Galiila'aatii? Barreeffama Woyyicha qorqorii ilaali; raagaan Galiilaa keessaa akka ijjumaa hin kaane hin dhaggita» jedhaneen. [ \v 53 Achiin duuba marti isaaniituu gara mana ifii deemane. \c 8 \s1 Dubartii Gaarayyeeffata Irratti Qabante \p \v 1 Yesuus ammoo gara gaara Ejersaa deeme. \v 2 Boruyyaa ganama inni gara Galma Waaqaa deebi'e. Kolbaan marti isa biratti wolitti qabantee, inni gad tee'ee isaan barsiisuu jalqabe. \v 3 Barsiisoti Seeraatii fi Fariisaayoti dubartii gaarayyeeffata irratti qabante takka ol seensisanee, fuula isaan maraa dura dhaabbachiisanee, \v 4 Yesuusiin, «Barsiisa'a, dubartiin tun gaarayyeeffata irratti qabanteerti. \v 5 Muuseen Seera keessatti dubartiin akkasii tun dhaka'aan tumantee akka duutu ajajeera. Ati amma maan jetta?» jedhane. \v 6 Isaan sababa ittiin isa himatanu dhaggatiisaaf, Yesuus xaqariisaaf\f + \fr 8:6\fr*\fqa Xaqariisaaf: \fqa*\ft Qaxafiisaaf\ft*\f* tana jedhane. Inni ammoo gad jedhee qubaan lafa irratti barreessuu jalqabe. \v 7 Isaan ittuma deddeebi'anee gaafannaan, inni ol jedhee isaaniin, «Isin keessaa ka cubbuu hin qanne, dursee dhakaa isi'itti qolaansuu ti» jedhe. \v 8 Achiin duuba inni ammalle gad jedhee lafa irratti barreesse. \v 9 Isaan yennaa tana dhage'ane, jaarsole'een jalqabanee, tokko tokkoon, isaan martinuu bayanee deemane. Yesuus dubartittii achi dhaabbatiisatti jirtu woliin qofuu hafe. \v 10 Inni ol jedhee isi'iin, «Dubartii tana, meet isaan? Nami sitti mure tokkolle hin jiruu?» jedhe. \p \v 11 Isiin deebittee, «Gootta'a, nami tokkolle hin jiru» jette. Yesuus, «Anille si'itti hin muru. Deemi; ammoo deebitee cubbuu hin hujin» jedhe.]\f + \fr 8:11\fr*\ft Woraabbiin durii hedduun kutaa (7:53-8:11) jiru hin qabanu; gariin Yoh. 21:24 n duubatti galchan; kuun Luq. 21:38 titti aansanee galchan; barreeffam goga'aa tokko Yoh. 7:36 tti aansee galcheera\ft*\f* \s1 Yesuus Ifa Biyya Lafaa Ti \p \v 12 Yesuus ammalle isaaniin, «Ani ifa biyya lafaa ti; ka na hordofu marti ifa jiru'uu hin qabaata malee, ijjumaa dukkana keessa hin ideemu» jedhee dubbate. \p \v 13 Worri Fariisaayotaa, «Ati amma ifii keetiif dhugaa bayiisatti jirta; dhugaa bayiisi keeti fudhatama hin qabu» jedhaneen. \p \v 14 Yesuus deebisee, «Ani ifii kiyyaaf yoo dhugaa bayelle, ani eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, dhugaa bayi kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka ani dhufe yookiin eessa akka ani deemu hin beettanu. \v 15 Isin yaada namumma'aatiin murtan; ani nama tokko irralle'etti hin muru. \v 16 Ani ammoo yoo murelle, ka na erge Abbaan na woliin jira; qofii tiyya waan hin murreef, muraan tiyya dhuga'a. \v 17 Dhugaa bayi nama lamaa, fudhatama qaba jedhantee Seera keessan keessatti barreeffanteerti. \v 18 Ani ifii kiyyaaf dhugaa baya; Abbaan na ergelle naaf dhugaa baya» isaaniin jedhe. \v 19 Achiin duuba isaan, «Abbaan keeti eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Isin analle, Abbaa kiyyaalle hin beettanu; adoo na beettanee Abbaa kiyyaalle hin beettaniiyyu» isaaniin jedhe. \v 20 Yesuus Galma Waaqaa keessatti, addee subbi kennansaa keyamuun biratti adoo barsiisuu jecha kana mara dubbate. Te'uu malee yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle isa hin qanne. \s1 Addee Ani Dhaqaaru Isin Dhaqiisa Hin Dandeettanu \p \v 21 Yesuus ede'eelle, «Ani hin deema; isin na hin barbaaddan; ammoo cubbuu teessaniin hin duutan. Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu» isaaniin jedhe. \p \v 22 Maarre Yihudooti, «Inni ‹Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu› jedha. Wonni akkana jedhuuf inni ifi ijjeesaaraa laati?» jedhane. \p \v 23 Yesuus deebisee, «Isin worra jalaa ti; ani ammoo ka gubba'aa ti. Isin ka biyya lafa tanaa ti; ani ammoo ka biyya lafaatii moti. \v 24 Ani ‹Ana›\f + \fr 8:24\fr*\fqa Ana: \fqa*\ft Kolbaa Israa'eliitiif maqaan Waaqaa woyyichi ka «Ana» jedhamee hiikkamuu dande'u «Yahiiweh». Wongeela Yohaannisii keessatti, Yesuus yennaa tokko tokko akka inninuu isuma san te'e mudhisiisaaf, «Ana» jedhee itti fayyadameera.\ft*\f* akka te'e beettanee yoo hin dhugeeffatin, cubbuu teessaniin waan duutanuuf, isin cubbuu teessaniin hin duutan jedhe» jedheen. \v 25 Isaan, «Ati eennu?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Kama ani jalqaba irraa kaasee isinitti hime. \v 26 Ani marroo teessan waan jedhuu fi waan isinitti muru hedduu qaba. Teetuu malee, ka na erge dhugaamessa; anille waan isa irraa dhage'e qofa biyya lafaatitti dubbadha» jedhe. \v 27 Isaan marroo Abba'aa akka Yesuus isaanitti dubbatiisatti jiru hin hubanne. \v 28 Maarre inni isaaniin, «Isin yennaa Ilma Namaa muka irratti ol fuutane, ani eennu akka te'e hin beettan; achiin duuba baallii tiyyaan womaa akka ani hin goone hin beettan; ammoo waan Abbaan akka ani jedhu na barsiise qofaa jedha. \v 29 Ka na erge na woliin jira; ani yennaa mara waan isa gammachiisu waan hujuuf, inni qofii tiyya ana hin lakkinne» jedhe. \v 30 Akkuma Yesuus tana dubbateen worri hedduun isatti dhugeeffate. \s1 Dhugaan Bilisa Isin Baatti \p \v 31 Maarre Yesuus Yihudoota worra isatti dhugeeffateen, «Isin barsiisa kiyyaaf yoo ajajantane, dhugumaan barattoota tiyya; \v 32 isin dhugaa hin beettan; dhugaalle bilisa isin hin baatti» jedhe. \v 33 Isaan deebisanee, «Nuuti sanyii Abrahaamii ti; ijjumaa eennulle'eef garboolee teenee hin beennu. Ati, ‹Bilisa baatan› jechuun keeti maan jechu'u ree?» jedhane. \v 34 Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima; ka cubbuu huju martinuu garbicha cubbu'uu ti. \v 35 Garbichi yennaa mara maatii goottaa ifii woliin hin le'u; ilmi ammoo yennaa mara maatii san woliin le'a. \v 36 Ilmi yoo bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa hin baatan. \v 37 Akka isin sanyii Abrahaamii teetane ani hin beeka. Te'uu malee isin jecha kiyya waan hin fudhatiniif, na ijjeesiisaaf barbaaddan. \v 38 Ani waan Abbaa kiyya biratti dhagge dubbadha; isin ammoo waan abbaa keessan irraa dhageettane gootan» jedhe. \p \v 39 Isaan deebisanee, «Abbaan keenna Abrahaam» jedhaneen. Yesuus deebisee, «Isin dhugumaan ijoollee Abrahaamii adoo teetanee, hujii Abrahaam huje hin hujjaniiyyu. \v 40 Isin ana nama dhugaa Waaqa irraa dhage'ee isinitti hime ijjeesiisaaf barbaaddan. Abrahaam waan akkanaa hin goone. \v 41 Isin waan abbaan keessan huju hujatiisatti jirtan» jedhe. Isaan deebisanee, «Nuuti ijoollee abbeera'aatii moti; Abbaan nuuti qannu Waaqa tokkocha qofa» jedhane. \v 42 Yesuus isaaniin, «Waaqi dhugumaan Abbaa keessan adoo te'e, ani waan Waaqa biraa dhufee amma as jiruuf, na hin jaalattaniiyyu. Isatti na erge malee, ani baallii tiyyaan hin dhunne. \v 43 Waan ani jedhu isin maaf hin hubanne? Wonni hubatiisa dhaddanuuf, Jecha kiyya dhage'iisaaf hin dandeettanu. \v 44 Isin ka abbaa keessan Seexanaa ti; halchaa isaalle godhiisaaf barbaaddan. Inni jalqabumaa kaasee ka nama ijjeesu; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, dhugaa irra hin jiru. Inni dharaamessaa fi abbaa dharaa waan te'eef, yennaa dhara dubbatu, dharuma ifi keessaa dubbata. \v 45 Ani ammoo waan dhugaa dubbadhuuf, isin natti hin dhugeeffattanu. \v 46 Isin keessaa nami yakkaa cubbu'uu natti muru eennu? Ani dhugaa yoo dubbadhu, isin maaf ana hin dhugeeffanne ree? \v 47 Ka Waaqaa ka te'e, jecha Waaqaa hin dhage'a. Te'uu malee, isin ka Waaqaa waan hin te'iniif, hin dhageettanu» jedhe. \s1 Yesuusii Fi Abrahaam \p \v 48 Yihudooti deebisanee, «Ati nama samaariya'aa ti; durriisalle ifi keessaa qadda jechuun keenna dhuga'aa motii?» Yesuusiin jedhane. \v 49 Yesuus deebisee, «Ani durriisa ifi keessaa hin qabu. Ani abbaa kiyya ulfeessa; isin ammoo na hin ulfeessitanu. \v 50 Ani ulfinna ifiif hin barbaadu. Ka ulfinna naaf barbaadu ammoo hin jira; ka murulle isa. \v 51 Ani dhugumaan isinitti hima; nami jecha kiyya eegatu marti ijjumaa hin du'u» jedhe. \v 52 Yihudooti isaan, «Nuuti amma dhugumaan akka ati durriisa ifi keessaa qaddu beenneerra! Abrahaam du'eera; raagotille du'aneeran; ati ammoo, ‹Nami jecha kiyya eegatu ijjumaa hin du'u› jetta. \v 53 Ati abbaa keenna Abrahaam hin caaltaa? Inni du'eera; raagotille du'aneeran. Ati eennu ifi seeta?» jedhane. \v 54 Yesuus deebisee, «Ani yoo ifi ulfeesse, ulfinni sun gatii hin qabu. Ka ana ulfeessu Abbaa kiyya, ka isin Waaqa keenna jettanu. \v 55 Te'uu malee isin isa hin beettanu; ani ammoo isa hin beeka. Ani yoo isa hin beeku jedhe, akkuma keessan dharaamessa te'a. Ani ammoo isa beeka, jecha isaalle hin eegadha. \v 56 Abbaan keessan Abrahaam guyyaa dhufa tiyyaa dhaggiisaaf gammade; dhaggeelle gammade» jedhe. \v 57 Yihudooti isaan, «Ati woggaa shantamaayyuu adoo hin geyin, Abrahaam dhaggitee?» jedhane. \v 58 Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima; Abrahaam adoo hin dhalatinuu Ani ‹Ana›\f + \fr 8:58\fr*\fqa Ana: \fqa*\ft Ibsa 8:24 irratti kenname ilaali.\ft*\f*» jedhe. \v 59 Maarre isaan isa tumiisaaf dhakaa fudhatane; Yesuus ammoo ifi dhossee Galma Waaqaatii bayee deeme. \c 9 \s1 Yesuus Namicha Ballaa Te'ee Dhalate Tokko Fayyise \p \v 1 Yesuus adoo ideemaa dabaruu, namicha ballaa te'ee dhalateeru tokko dhagge. \v 2 Barattooti isaa, «Barsiisa'a, akka namichi kun ballaa te'ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo'o worra isaa ti?» jedhanee isa gaafatane. \v 3 Yesuus deebisee, «Inni yookiin worri isaa cubbuu hin hunye. Hujiin Waaqaa isa irratti akka mudhattuuf, inni ballaa te'e. \v 4 Adoo guyya'aatuu, hujii ka ana ergee hujuu qanna; halkan nami tokkolle itti hujiisa hin dandeenne hin dhufa. \v 5 Ani biyya lafaa keessa haga jiru, ifa biyya lafaa ti» isaaniin jedhe. \v 6 Yesuus tana jedheen duuba, lafatti tufee hancufaan dhoqqeesse; dhoqqee san ila namichaatitti dibee, \v 7 «Dhaqiitii haroo Siilo'aamiititti dhiqadhu» jedhe; «Siilo'aam» jechuun ka ergame jechu'u. Maarre namichi dhaqee, dhiqatee, dhaggaa deebi'ee dhufe. \p \v 8 Ollooti isaatii fi kolbaan tanaan dura isaa kadhatuun dhaggiteertu, «Namichi kun ka tee'ee kadhatuu motii?» jedhanee gaafatane. \p \v 9 Gariin, «Isuma» jedhane; ka dhibiin ammoo, «Waawwo'o, isa fakkaata malee, isaa moti» jedhane. \p Namichi ammoo, «Ani isuma» jedhe. \v 10 Isaan, «Ilti teeti attamiin banante ree?» jedhanee isa gaafatane. \v 11 Inni deebisee, «Namicha Yesuus jedhamutti biyyee dhoqqeessee, ila tiyyatti dibee, akka ani gara haroo Siilo'aamii dhaqee dhiqadhu natti hime. Maarre anille dhaqee dhiqadhee, dhagguu dande'e» jedhe. \p \v 12 Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, «Ani hin beeku» jedhe. \s1 Fariisaayoti Akka Namichi Itti Fayye Qorqorane \p \v 13 Achiin duuba isaan namicha dur balla'aa kaan gara Fariisaayotaa geessane. \v 14 Guyyaan Yesuus biyyee dhoqqeessee ila namicha balla'aa fayyise sun guyyaa Sanbataa ti. \v 15 Fariisaayotille attam akka inni dhagguu dande'e namicha gaafatane. Namichi deebisee, «Yesuus dhoqqee ila tiyya dibe; ani dhiqadhee, amma dhagguu dande'e!» jedhe. \p \v 16 Fariisaayoti gariin, «Namichi kun Sanbataa waan hin ulfeessineef, Waaqa biraa ka dhufe te'iisa hin dande'u» jedhane. Worri kuun ammoo, «Nami cubbaalessi attamiin bilbaasota akkasii hujuu dande'a?» jedhanee odduu isaaniititti gargar qoqoodam te'e. \p \v 17 Maarre Fariisaayoti namicha dur balla'aa kaaniin, «Marroo namicha ila tiyya bane jettu kanaa, maan jetta?» jedhanee gaafatane. \p Namichi deebisee, «Inni raaga'a» jedhe. \p \v 18 Yihudooti baallii qabanu, namichi kun akka dur ballaa te'eeruu fi amma dhagguu dande'e, haga worra isaa waamanutti hin dhugeeffanne. \v 19 Maarre isaan worraan, «Mucaan keessan, ka isin ballaa te'ee dhalate jettanu kanaa? Amma inni attam dhagguu dande'e ree?» jedhanee gaafatane. \p \v 20 Worri isaa deebisee, «Akka inni ilma keenna te'e, ballaa te'eelle akka dhalate hin beenna. \v 21 Amma ammoo attamiin akka inni dhagguu dande'e, yookiin eennu ila isaa akka bane nuuti hin beennu. Inni nama gudda'a, ifumaafuu dubbatuu hin dande'a; isa gaafadha'a!» jedhane. \v 22 Nami akka Yesuus Masiihii\f + \fr 9:22\fr*\fqa Masiihii: \fqa*\ft Kiristoos\ft*\f* te'e dhugaa baasee dubbatu, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa akka ari'amu Yihudooti baallii qabanu waan wolii galaneeranuuf, worri isaa isaan sodaatee tana jedhe. \v 23 Waan kanaaf worri isaa, «Inni nama gudda'a; isa gaafadha'a!» jedhane. \p \v 24 Isaan namicha dur ballaa te'ee dhalate lammeessoo waamanee, «Ati Waaqa ulfeessii dhugaa dubbadhu! Namichi kun akka cubbaalessaa nuuti hin beenna» jedhaneen. \p \v 25 Namichi deebisee, «Inni cubbaalessa te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; waan tokko qofaa beeka: Ani ballaa te'ee ture, amma ammoo hin dhagga» jedhe. \p \v 26 Isaan, «Inni maan sii godhe? Inni attamiin ila teeti bane?» jedhanee gaafatane. \p \v 27 Inni deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin hin caqanne. Maaf ammaalle dhage'uu barbaaddan? Isinille barattoota isaa te'uu feetanii?» jedhe. \p \v 28 Isaan isa arrassanee, «Si'ittuu barataa isaa ti; nuuti ammoo barattoota Muuse'ee ti. \v 29 Nuuti akka Waaqi Muuse'etti dubbateeru hin beenna; namichi kun ammoo, inni eessaa akka dhufeeyyuu hin beennu!» jedhaneen. \p \v 30 Namichi deebisee, «Wonni kanciraa, inni eessaa akka dhufe isin hin beettanu! Inni ammoo ila tiyya bane! \v 31 Waaqi cubbaaleyyi'iif akka hin dhageenne nuuti hin beenna; inni worra isa ulfeessuu fi fedhii isaa muummessuuf dhage'a. \v 32 Nama ballaa te'ee dhalate tokko ka ila bane jira jedhamuun, haga biyyi lafaa dadantee ijjumaa dhage'antee hin beettu. \v 33 Nami kun Waaqa biraa adoo dhufuu dhabaatee, waan tokkolle godhuu hin dande'uuyyu» isaaniin jedhe. \p \v 34 Isaan, «Ati cubbu'uun guutantee dhalattee nu barsiisiisaaf wodhaantaa?» jedhanee gussanee gad isa baasane. \s1 Ballummaa Ayyaantumma'aa \p \v 35 Yesuus akka isaan namicha gussanee gad baasane dhage'ee, yennaa isa dhagge, «Ilma Namaatitti hin dhugeeffattaa?» jedhee isa gaafate. \p \v 36 Namichi deebisee, «Goottaa kiyya, kam inni? natti himi, itti dhugeeffadhaa!» jedheen. \p \v 37 Yesuus isaan, «Ati duruu isa dhaggiteerta, ka amma si woliin dubbatiisatti jiruuyyu isa» jedhe. \p \v 38 Namichi, «Goottaa kiyya! Ani hin dhugeeffadha» jedhee isaa sagade. \p \v 39 Yesuus, «Worri ballaan akka dhagguu fi worri dhaggu ballaa akka te'u, muriisaaf ani gara biyya lafaa tana dhufe» jedhe. \p \v 40 Worra Fariisaayotaa ka isa woliin achi jiranu keessaa gariin isaa tana jedhu dhage'anee, «Dhugumaan nuutilleen balloota jechuu keetii ree?» jedhanee isa gaafatane. \p \v 41 Yesuus isaaniin, «Isin balloota adoo teetanee, silaa yakkaa hin qaddanuuyyu; amma ammoo hin dhaggina waan jettanuuf, isin yakkaameyyi'i» jedhe. \c 10 \s1 Mammaassa Tissee Hoolotaa \p \v 1 Yesuus, «Ani dhugaa isinitti hima, nami gara gooree hoolotaa balbalaan adoo hin te'in, karaa dhibi'iin yaabee seenu, hattu'uu fi saamtu'u. \v 2 Nami gara gooree hoolotaa balbalaan seenu ammoo, tissee hoolotaa ti. \v 3 Ka balbala eegu balbala isaaf hin bana. Hoolotille qoonqoo isaa hin dhage'an. Inni hoolota ifii maqa'aan waamaa, dura deemaa gad baasa. \v 4 Inni hoolota ifii mara yennaa gad baase, isaaniin dura deema; hoolotille qoonqoo isaa waan beekanuuf isa hordofan. \v 5 Isaan qoonqoo ormaa waan hin beenneef, irraa baqatan malee, isa hin hordofanu» jedhe. \p \v 6 Yesuus mammaassa kana isaanitti hime, isaan ammoo waan inni jedhe hin hubanne. \s1 Yesuus Tissee Dansa'a \p \v 7 Yesuus ammalle, «Ani dhugaa isinitti hima: balbalti hoolotaa ana. \v 8 Worri dhibiin ka anaan dura dhufe marti hattu'uu fi saantu'u, hooloti ammoo isaan hin dhageettu. \v 9 Balbalti ana. Ka anaan seenu hin fayya; ol hin seena, gad hin baya, dheedalle hin dhaggata. \v 10 Hattuun hatiisaaf, ijjeesiisaa fi balleessiisa qofaaf dhutti. Ani ammoo hooloti jiruu akka dhaggattuu fi jiruu firinxiixxuu\f + \fr 10:10\fr*\fqa Firinxiixxuu: \fqa*\ft Ta dhidhuu hin qanne\ft*\f* akka qabaattuuf dhufeera» jedhe. \p \v 11 Yesuus, «Tisseen dansaan ana. Tisseen dansaan hoolota ifiitiif lubbuu ifii dabarsee kenna. \v 12 Tissee adoo hin te'in, ka qaxaramee tissu, hooloti ta isaa waan hin te'iniif, yayyiin dhuttuun yennaa dhagge, inni hoolota lakkisee dheeta; maarre yayyiin buttee hoolota bittinneessiti. \v 13 Namichi qaxaramee tissu, waan qaxaramee tissuuf, hoolotaafille waan hin rakkaneef lakkisee dheeta. \v 14-15 Tisseen dansaan ana. Akkuma Abbaan na beeku, anilleen isa beeka; akkuma ani hoolota tiyya beeku, isaanille na beekan. Anille isaaniif lubbuu tiyya dabarsee kenna. \v 16 Ani hoolota dhibii ta gooree tana keessa hin jirre qaba; ani isaanille fiduu qaba. Isaan qoonqoo tiyya hin dhage'an, gooree takkaa hin te'an, tisseelle tokkocha. \p \v 17 «Ani lubbuu tiyya deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf, Abbaan na jaalata. \v 18 Ani lubbuu tiyya fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennulle narraa hin fudhatu. Ani lubbuu tiyya dabarsee kenniisaa fi deebisee fudhatiisaaf baallii qaba. Ani ajaja kana Abbaa irraa fudhadhe» jedhe. \p \v 19 Sababa jecha kanaatiif ammalle Yihudooti yaadaan gargar qoqoodante. \v 20 Isaan keessaa nami hedduun, «Inni durriisa ifi keessaa qaba! Inni maraata'a! Isin maaf isa dhageettan?» jedhane. \v 21 Worri dhibiin ammoo, «Tun dubbii nama durriisa ifi keessaa qabuutii moti! Durriisi ballaa ila banuu dande'aa?» jedhane. \s1 Yesuus Tuffatame \p \v 22 Yennaa san jilti eebba Galma Waaqaa ka haareffamee Yerusaalem keessatti jilifamiisatti jirtiiyyu; yennaan sun ganna. \v 23 Yesuus dalleya Galma Waaqaa keessatti sissaabii\f + \fr 10:23\fr*\fqa Sissaabii: \fqa*\ft Soroo manaa, gimoo manaa\ft*\f* Solomoon jala deddeebi'u keessa ideemiisatti jiruun, \v 24 Yihudooti isa marsitee, «Ati haga yoomii gadhaa keenna rarraacha? Ifatti baasii nutti himi: Ati Masiihii?» jedhanee gaafatane. \p \v 25 Yesuus deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin ammoo ana hin dhugeeffattanu. Hujiin ani maqaa Abbaa kiyyaatiin huju naaf dhugaa baati; \v 26 isin ammoo hoolee tiyya waan hin te'iniif, hin dhugeeffattanu. \v 27 Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan. \v 28 Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande'u. \v 29 Abbaan kiyya, ka isaan naaf kenne waan mara caala, eennulle dande'ee harka Abba'aatii isaan hin butu. \v 30 Abba'aa fi Ani tokko» isaaniin jedhe. \p \v 31 Achiin duuba Yihudooti dhaka'aan isa tumiisaaf ammalle dhakaa fudhatte. \v 32 Yesuus deebisee, «Ani hujii dansaa hedduu Abbaan natti kenne hujee isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa kamiif dhaka'aan na tumiisaaf barbaaddan?» jedhe. \p \v 33 Yihudooti deebisanee, «Wonni nuuti dhaka'aan si tumiisaaf barbaannuuf, waan ati Waaqa faanshessiteef malee, hujii dansaa keessaa takkaalle'eefii moti, ati adoo namuma teeteertuu Waaqa ifi goota» jedhaneen. \v 34 Yesuus deebisee, «Seera keessan keessatti Waaqi isiniin ‹Isin waaqota› ka jedhe barreeffanteertii motii? \v 35 Worra jechi Waaqaa isaaniif dhufeen, ‹Isin waaqota› yoo jedhe, Barreeffam Woyyichi ka hin diiganne yoo te'e, \v 36 ‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, ana ka Abbaan na filatee gara biyya lafaa na ergeen, isin ‹Waaqa faanshessita› attam jettan ree? \v 37 Yoo ani hujii Abbaa kiyyaa hin hunye te'e, natti hin dhugeeffatina'a. \v 38 Yoo ani huju te'e ammoo, natti dhugeeffatuu dhaddanulle, Abbaan na keessa, Anille Abbaa keessa akka jiru akka beettanuu fi akka hubattanu, hujii tiyyatti dhugeeffadha'a» isaaniin jedhe. \p \v 39 Isaan ammalle isa qabiisaaf barbaadane; inni ammoo isaan harkaa miliqe. \p \v 40 Achiin duuba Yesuus ammalle Yordaanosiin gama addee Yohaannis duraan itti cuuphaa ture deebi'ee dhaqee, achi bubbule.\x - \xo 10:40 \xo*\xt Yoh. 1:28\xt*\x* \v 41 Namooti hedduun gara isaa dhufane. Isaan, «Yohaannis bilbaasa tokkolle hin goone, ammoo marroo namicha kanaa wonni inni dubbate marti dhuga'a» jedhane. \v 42 Namooti hedduun achi jiranu Yesuusitti dhugeeffatane. \c 11 \s1 Du'a Alaazarii \p \v 1 Namichi Alaazar jedhamu tokko, ka Bitaaniyaa keessa le'u dhibame. Bitaaniyaan qachaa Maariyaamii fi obboleettiin isi'ii Maartaan le'anu. \v 2 Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta'aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi'ii ti. \v 3 Obboleettoti Alaazarii: «Gootta'a, nami ati jaalattu dhibameera» jedhanee Yesuusitti ergane. \p \v 4 Yesuus yennaa tana dhage'e, «Dhibeen tun, ulfinni Waaqaa akka mudhatuuf, Ilmi Waaqaalle akka ittiin ulfaatuuf teete malee, Alaazar du'ee akka hafuufii moti» jedhe. \p \v 5 Yesuus Maartaa, obboleettii isi'ii Maariyaamii fi Alaazar hin jaalataayyu. \v 6 Akka Alaazar dhibame dhage'ulle, addee jiru san guyyaa lama oole. \v 7 Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Me gara biyya Yihuda'aa deebinee dhandha» jedhe. \p \v 8 Barattooti isaan, «Barsiisa'a, dhikoo tana Yihudooti dhaka'aan si tumiisaaf barbaadaneeran; ati ammalle achi dhaqiisaaf yaadattaa?» jedhaneen. \p \v 9 Yesuus deebisee, «Guyyaan tokko saatii kudhanii lama qabaa motii? Maarre nami guyya'aan ideemu, ifa biyya lafaa tana waan dhagguuf hin gufatu. \v 10 Nami halkaniin ideeme ammoo, sababa ifa hin qanneef hin gufata» jedhe. \v 11 Yesuus tana jedheen duuba dabalee, «Alaazar jaalli keenna rafeera, ani ammoo dhaqee isa hin dammassa» jedhe. \p \v 12 Barattooti isaa deebisanee, «Gootta'a, inni yoo rafee jiraate, hin fayya» jedhane. \p \v 13 Yesuus akka Alaazar du'eeru dubbatte; isaan ammoo marroo hirriibaa dubbate seyane. \v 14 Maarre Yesuus ifa tolchee, «Alaazar du'eera; \v 15 ammoo akka isin dhugeeffattanuuf, ani achi waan hin jiraatiniif gammadeera. Amma ammoo ka'aa gara isaa dhandhaa!» isaaniin jedhe. \p \v 16 Toomaasiin Didimoos\f + \fr 11:16\fr*\fqa Didimoos: \fqa*\ft Didimoos jechuun lakkicha jechu'u\ft*\f* jedhamu barattoota dhibi'iin, «Kowaa me nuutille dhandhee, barsiisaa woliin duunaa!» jedhe. \s1 Yesuus Du'aa Ka'iisaa Fi Jiru'u \p \v 17 Yesuus yennaa achi geye, Alaazar haga awwaalamee guyyaa afur akka te'e dhagge. \v 18 Bitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloomeetira sadii fagaatti; \v 19 Yihudooti hedduun Maarta'aa fi Maariyaam marroo du'a obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessiisaaf dhufaneeran. \p \v 20 Maartaan dhufa Yesuusii yennaa dhageette, gad itti baate; Maariyaam ammoo manumatti hatte. \v 21 Maartaan Yesuusiin, «Gootta'a, adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'uuyyu! \v 22 Ammoo, ammalle waan ati gaafatte mara Waaqi akka sii kennu ani hin beeka» jette. \v 23 Yesuus, isi'iin, «Obboleessi keeti du'aa hin ka'a» jedhe. \p \v 24 Maartaan deebittee, «Guyyaa muumme'ee yennaa du'aa ka'iisaa, akka inni du'aa ka'u ani hin beeka» jette. \p \v 25 Yesuus, «Du'aa ka'iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du'ulle jiru'uun hin le'a; \v 26 Ka jiru'uun le'uu fi natti dhugeeffatu marti hin du'u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi'iin jedhe. \p \v 27 Isiin, «Ee Gootta'a, ati Ilma Waaqaa, Masiihii gara biyya lafaa dhufaaru akka teete ani hin dhugeeffadha» jetteen. \s1 Yesuus Bowe \p \v 28 Maartaan kana jetteen duuba, dhaxxee obboleettii ifii Maariyaam qofuu waantee, «Barsiisaan as jira, si'ille waamiisatti jira» jetteen. \v 29 Maariyaamiin yennaa tana dhageette, ariifattee isa dhaggiisaaf kaatee baatee gara isa dhaxxe. \v 30 Yesuus adduma Maartaan isa itti dhaggite jiraayyu malee, yennaa san ollaa keessa hin seenneeyyu. \v 31 Yihudooti isii jajjabeessiisaaf isii woliin mana keessa jiranu, yennaa Maariyaamiin ariifattee kaatee baatuun dhaggane, waan addee awwaalaa dhaxxee boottu seyanee, isii gula ka'ane. \p \v 32 Maariyaam addee Yesuus jiru geettee, akkuma isa dhaggiteen, miila isaatitti jiddee, «Gootta'a! Adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'u» jetteen. \p \v 33 Yesuus bowiisa isi'iitii fi kolbaan isii woliin jirtulle attam akka bowiisatti jirtu yennaa dhagge, gadhaan isaalle gaddee, guddisee laaleffatee, \v 34 «Eessatti awwaaltane?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Gootta'a, koyii ilaali» jedhanee deebisane. \p \v 35 Yesuus bowe. \v 36 Yihudooti, «Attam akka inni isa jaalate ilaala'a!» jette. \v 37 Isaan keessaa gariin ammoo, «Inni nama ballaa fayyiseera, silaa akka Alaazar hin duune dhoogguu hin dande'uuyyuu?» jedhane. \s1 Yesuus Alaazar Du'aa Kaase \p \v 38 Yesuus ammalle guddisee laaleffatee, gara boolla awwaalaa dhaqe. Boolli awwaalaa sun goda dhakaan afaan irra keyameeru. \v 39 Yesuus, «Dhakaa irraa kaasa'a!» jedhee ajaje. Maartaan, obboleettiin nama du'ee, «Gootta'a, inni haga du'ee guyyaa afur tureera. Amma ajoweera!» jetteen. \p \v 40 Yesuus isi'iin, «Yoo dhugeeffatte ulfinna Waaqaa akka dhaggitu, ani sitti hin hinnee?» jedhe. \v 41 Maarre isaan dhakaa irraa kaasane. Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, «Ee Abba'a, waan na dhageetteef, si galateeffadha. \v 42 Akka ati yennaa mara naa dhageettu ani hin beeka; ammoo kolbaan as dhaabbattu tun akka ati ana ergite akka dhugeeffattuuf tana jedhe» jedhe. \v 43 Tana jedheen duuba, Yesuus, «Alaazar, as bayi!» jedhee qoonqoo guddo'oon waame. \v 44 Alaazarille harkii fi miilli isaa woyaa awwaalaatiin xaxamee, fuulli isaalle woya'aan maramee, gad baye. Yesuus, «Hiika'aatii lakkisa'a, deemuutii» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Ijjeesiisaaf Itti Malane \p \v 45 Yihudoota gara Maariyaamii dhufaneeranu keessaa hedduun waan Yesuus huje dhagganee, isatti dhugeeffatane. \v 46 Isaan keessaa gariin ammoo gara Fariisaayotaa dhaqanee waan Yesuus huje itti himane. \v 47 Maarre sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti kora murti'ii waamanee, «Bilbaasota namichi kun hujiisatti jiru mara ilaala'a! Maan goona? \v 48 Akkanumaan yoo isa lakkinne, nami maraa isatti hin dhugeeffata; worri Rooma'aalle dhufee Galma Waaqaa keennaa fi kolbaa teenna hin balleessa» jedhane. \v 49 Isaan keessaa nami tokko, ka Qayyaaffaa jedhamu, ka woggaa san hayyuu guddaa te'eeru, «Isin ijjumaa wo hin beettanu; \v 50 kolbaan duudiin badu'uu mannaa, nami tokko kolba'aaf du'uun isiniif woyya; isin ijjumaa tana hin hubattanuu?» isaaniin jedhe. \v 51 Inni ifi keessaa fuudhee tana hin jenne; woggaa san hayyuu guddaa waan te'eef, Yesuus kolbaa Yihudi'iitiif akka du'aaru raage. \v 52 Isaan qofaaf adoo hin te'in, kolbaa Waaqaa ta bittinnootte maralle wolitti rariisaaf du'a. \p \v 53 Guyyaa sanii jalqabanee Yihudooti baallii qabanu Yesuus ijjeesiisaaf mala dhowane. \v 54 Tanaaf Yesuus Yihudaa keessa ifaataan deddeemuu hin dandeenne; ammoo achi lakkisee gara qachaa Efreem jedhamuu, ka goomole'een dhikoo jiruu dhaqee, barattoota ifii woliin achi bubbule. \p \v 55 Yennaan Jila Irra Dabarama Yihudootaa dhikaatteertiiyyu; biyya keessaa namooti hedduun jilaan dura akka aadaa dhugeeffannaa isaaniititti ifi qulqulleessu'uuf gara Yerusaalemii ol bayane. \v 56 Isaan Yesuus barbaadiisatti waan jiranuuf, Galma Waaqaa keessa dhaabbatanee, «Maan isinitti fakkaatti? Inni gara jilaa hin dhufu, hin dhufaa?» jedhanee wol gaafatane. \v 57 Sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti akka isa qabiisa dande'anu, nami addee Yesuus jiru beeku yoo jiraate, akka himu ajaja kennaneeran. \c 12 \s1 Maariyaam Yesuus Fiqiree Issite \r (Mat. 26:6-13; Mar. 14:3-9) \p \v 1 Jila Irra Dabaramaatiif guyyaan jaan hafeeruun, Yesuus addee Alaazariin inni du'aa kaase le'u, Bitaaniyaa dhaqe. \v 2 Isaan achitti irbaata isaaf qopheessanee, Maartaan areerte; worra Yesuus woliin achi addee nyaataa tetee'aneeranu keessaa tokkochi Alaazar. \v 3 Achiin duuba Maariyaam fiqiree gatii guddo'oo ta Naardoos\f + \fr 12:3\fr*\fqa Naardoos: \fqa*\ft Maqaa mukaa yookiin fiqiree muka Naardoos jedhamu irraa hujamee ti\ft*\f* qofa irraa hujante ta litirii takkaa hidha geettu fuutee, miila Yesuusii lamaanittuu naxxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. Fiqqeessi fiqire'ee mana duudii guute. \v 4 Barattoota Yesuusii keessaa tokko ka te'e, Yihudaan nami biyya Keriyootii, ka isa dabarsee kennaaru, \v 5 «Fiqireen tun mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatu\f + \fr 12:5\fr*\fqa Mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatu: \fqa*\ft Dinaara dhibba saditti\ft*\f* gurgurantee maaf hiyyeeyyi'iif hin kennamin?» jedhe. \v 6 Inni waan hattuu te'eef, tana jedhe malee, marroo hiyyeeyyi'iitiif jedheetii moti. Inni korojoo beese'ee ba'ata; beesee korojoo keessaalle fudhataa ture. \p \v 7 Yesuus ammoo, «Isiin guyyaa awwaala kiyyaatiif qophii goote waan te'eef, isii dhiisa'a. \v 8 Namooti Hiyyeeyyiin yennaa maraa isin woliin jiran, ani ammoo yennaa maraa isin woliin hin jiraadhu» jedhe. \s1 Alaazar Ijjeesiisaaf Itti Malane \p \v 9 Worra Yihudootaa keessaa Kolbaan hedduun Yesuus Bitaaniyaa akka jiru beette; maarre Yesuus qofaaf adoo hin te'in Alaazarii inni du'aa kaaselle dhaggiisaaf achi dhaxxe. \v 10 Sooreyyiin hayyootaa ammoo Alaazarille ijjeesiisaaf itti malane; \v 11 sababille Yihudooti hedduun sababa Alaazariitiif isaan lakkisanee Yesuusitti waan dhugeeffataneef. \s1 Yesuus Ulfinnaan Yerusaalem Seene \r (Mat. 21:1-11; Mar. 11:1-11; Luq. 19:28-40) \p \v 12 Boruyyaa Gumiin guddoon Jila Irra Dabaramaatiif dhutteertu Yesuus gara Yerusaalemii akka dhufiisatti jiru dhageette. \v 13 Maarre dameelee meexxi'ii qabattee, qoonqoo guddo'oon, «Hosaa'inaa!\f + \fr 12:13\fr*\fqa Hosaa'inaa: \fqa*\ft Addee tanatti yaada Waaqi galatoomu jedhu qaba\ft*\f* Mootiin Israa'elii ka maqaa Gootta'aatiin dhufu ka eebbifame!» jedhaa isa fudhatiisaaf baate. \p \v 14 Yesuus ilmayyoo harre'ee tokko dhaggee irra tee'e. Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi, \q1 \v 15 «Kolbaa Yerusaalemii, hin sodaatina'a! \q2 Mootiin keessan kunoo ilmayyoo harre'ee irra tee'ee dhufa» jedhu. \p \v 16 Barattooti isaa jalqaba irratti kana hin hubanne; Yesuus gara ulfinnaa ol fudhatameen duuba ammoo, isaan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif akka kana jedhee fi isaanille kanuma akka isaaf godhane qaabatane. \p \v 17 Kolbaan yennaa inni Alaazar awwaala keessaa waamee du'aa kaasu Yesuus woliin jirtu waan te'e dhugaa bayaa turte. \v 18 Bilbaasa kana akka inni tolche waan dhageetteertuuf gumiin isa fudhatiisaaf baate. \v 19 Kanaaf Fariisaayoti, «Ilaala'a, nuuti womaa godhuu hin dandeenne! Kunoo, biyyi lafaa duudiin isa hordofaarti!» woliin jedhane. \s1 Giriikooti Gariin Yesuus Barbaadane \p \v 20 Worra yennaa jilaa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqaneeranu keessaa gariin Giriikoota. \v 21 Isaan gara nama Betsayidaa Galiilaa keessa jirtuu, gara Filiphoosii dhaqanee, «Gootta'a, nuuti Yesuus dhaggiisaaf barbaanna» jedhaneen. \p \v 22 Filiphoos dhaqee Indiryaasitti hime; Filiphoosii fi Indiryaas lamaaniin dhaqanee Yesuusitti himane. \v 23 Yesuus deebisee, «Yennaan Ilmi Namaa ulfaatu amma geetteerti. \v 24 Ani dhugaa isinitti hima: Midhaan qamadi'ii yoo lafa bu'ee du'e malee, tokkochuma te'ee hafa. Yoo du'e ammoo, midhaan hedduu buusa. \v 25 Nami jiruu ifii jaalatu jiruu ifii hin dhaba; nami biyya lafaa tana keessatti jiruu ifii jibbu ammoo jiruu bara baraatiif isii eegata.\x - \xo 12:25 \xo*\xt Mat. 10:39; 16:25; Mar. 8:35; Luq. 9:24; 17:33\xt*\x* \v 26 Nami na tajaajiluu barbaadu na hordofuu ti; tanaaf tajaajilaan kiyyalle na woliin addee ani jiru hin jiraata. Nama na tajaajilu Abbaan kiyyalle hin ulfeessa» jedhe. \s1 Yesuus Marroo Du'a Ifii Dubbate \p \v 27 Yesuus itti dabalee, «Amma lubbuun tiyya rakkatteerti, ani maan jedha? ‹Abba'a, yennaan tun akka natti hin dhunne oolchi jedha moo?› Akkas akka hin jenne yennaa rakkinnaa tanaaf dhufe. \v 28 Abba'a, maqaa keeti ulfeessi!» jedhe. \p Achiin duuba qoonqoon ol gubba'aa dhuttee, «Ulfeesseera, ammalle hin ulfeessa» jette. \p \v 29 Gumiin achi dhaabbattee qoonqoo tana dhageette keessaa gariin, «Wonni mandiisu'u» jette; worri kuun, «Ergamaa Waaqaatitti isatti dubbate» jedhe. \p \v 30 Yesuus ammoo isaaniin, «Qoonqoon tun isiniif jettee dubbatte malee, anaafii moti. \v 31 Yennaan biyya lafaa tanatti murantu amma; bulchaan biyya lafa tanaa Seexanni amma hin gatama. \v 32 Ani Yennaa lafa tana irraa ol kaafame, nama maraa gara kiyya harkisa» jedhe. \v 33 Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru mudhisiisaaf tana jedhe. \p \v 34 Gumiin deebittee, «Masiihiin haga bara baraa akka jiraatu seera keenna irraa dhageenneerra. Ati attamiin Masiihiin ol kaafamuu qaba jetta ree? Ilmi namaa kun eennu inni?» jetteen. \p \v 35 Yesuus deebisee, «Ifi yennaa gabaaddu'uuf isin woliin hin jiraata. Dukkanti akka isin hin dhaqqanne, ifa adoo qaddanuu ideema'a; nami dukkanaan deemu eessa akka deemiisatti jiru hin beeku. \v 36 Ijoollee ifaa akka teetanuuf, adoo ifa qaddanuu, ifatti dhugeeffadha'a» jedheen. \p Yesuus tana dubbateen duuba, biraa ideemee isaan duralle'ee ifi dhosse. \s1 Dhugeeffannaa Dhabiisa Kolba'aa \p \v 37 Yesuus addee isaan jiranutti bilbaasota kana mara hujulle, isaan isatti hin dhugeeffanne. \v 38 Dubbiin raagichi Isaayaas, «Gootta'a, eennutti waan nuuti itti hinne dhugeeffate? Hunni Gootta'aa eennutti mudhatte?» ka jedhe akka muummottuuf tun teete. \v 39 Maarre isaan dhugeeffatiisa hin dandeenne, sababille Isaayaas addee dhibiille'etti, \v 40 «Ilti isaanii akka hin dhaggine, gadhaan isaaniille akka hin hubanne, gara isaalle deebi'anee akka hin fayyine, Waaqi ila isaanii jaamseera; gadhaa isaaniille jabeesseera jedha» jedheera. \v 41 Isaayaas ulfinna Yesuusii waan dhaggeef tana jedhee marroo isaa dubbate. \v 42 Te'uu malee, Yihudooti worri baallii qabanu hedduun Yesuusitti dhugeeffatane; ammoo Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa nu baasan jedhanee, Fariisaayota waan sodaataneef, isatti dhugeeffatuu isaanii ifa baasanee hin dubbanne. \v 43 Isaan ulfinna Waaqa irraa dhaggachuu caalaa ulfinna nama irraa dhaggachuu jaalatane. \p \v 44 Yesuus qoonqoo guddo'oon, «Nami natti dhugeeffatu ka na ergelle'etti dhugeeffata malee na qofatti hin dhugeeffatu. \v 45 Nami na dhaggu ka na ergelle hin dhagga. \v 46 Ka natti dhugeeffatu marti dukkana keessatti akka hin hanneef, ani ifa te'ee gara biyya lafaa dhufeera. \v 47 Nama jecha kiyya dhage'ee hin eeganetti ka muru anaa moti; ani biyya lafaa fayyisiisaaf dhufe malee, itti muriisaaf hin dhunne. \v 48 Nama na didee Jecha kiyya hin fudhannetti ka muru hin jira. Jecha ani dubbadhettuu gaafa guyyaa dhumaa itti mura. \v 49 Ani baallii tiyyaan hin dubbanne; ammoo Abbaa na ergetti waan ani jedhee dubbadhu na ajaje. \v 50 Ajaji isaa kun gara jiruu bara baraa akka geessu ani hin beeka. Maarre wonni ani dubbadhu, waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti hime» jedhe. \c 13 \s1 Yesuus Miila Barattoota Ifii Dhiqe \p \v 1 Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin dura, Yesuus biyya lafaa tana lakkisee yennaan gara Abba'aa deemu akka geetteertu beeke. Inni biyya lafaa tana keessatti worra ka isaa te'ane yennaa mara jaalateeraayyu; haga muumme'eetittille isaan jaalate. \v 2 Yesuusii fi barattooti isaa irbaata irra jiraniiyyu. Seexanni duraanuu Yihudaan ilma Simoonii ka nama biyya Keriyootii, akka Yesuus dabarsee kennuuf, yaada isa keessa keyeera. \v 3 Yesuus akka Abbaan baallii guutuu isaa kenneeru beeke; akka Waaqa biraa dhufee fi gara Waaqaalle akka deemu beeke. \v 4 Maarre inni irbaata irraa ka'ee, woyaa lafa keyatee, fooxaa ittiin haxowanu hidha ifiititti marate. \v 5 Achiin duuba inni bisaan qorii itti dhiqatanutti cossee, miila barattoota ifii dhiqee fooxaa hidha ifiititti marateeruun haxowe. \v 6 Simoon Pheexroos bira geyee jennaan, Simoon Pheexroos, «Gootta'a, sitti miila kiyya dhiqaa?» jedheen. \p \v 7 Yesuus isaan, «Waan ani hujiisatti jiru ati amma hin beettu, duubarra ammoo hin hubatta» jedhe. \v 8 Pheexroos deebisee, «Ati ijjumaa miila kiyya hin dhixxu!» jedheen. \p Yesuus deebisee, «Yoo ani miila keeti hin dhiqin, na biraa qooda hin qaddu» jedheen. \p \v 9 Simoon Pheexroos deebisee, «Gootta'a, eegasuu, miila kiyya qofaa motii, harkaa fi mataa kiyyalle dhiqi!» jedheen. \p \v 10 Yesuus deebisee, «Nami nafa dhiqate, nafi isaa duudiin qulqulluu waan te'eef, miila ifii malee, nafa dhiqachuu hin barbaachisu. Isin qulqullu'u; te'uu malee, isin marti qulqullu'uu moti» jedheen. \v 11 Yesuus duraanuu ka isa dabarsee kennu waan beekeeruuf, «Isin marti qulqullu'uu moti» jedhe. \p \v 12 Yesuus miila isaanii dhiqeen duuba, woyaa fudhatee uffatee, addee ifiititti deebi'ee tee'ee, «‹Waan ani isinii godhe hubattanee?› jedhee gaafate. \v 13 ‹Barsiisa'a, Goottaalle› jettanee na waantan; akkas jechuun keessan dhuguma; sababilleen aninuu akkuma san. \v 14 Ani, Goottaan keessanii fi barsiisaan keessan, miila keessan eega dhiqee, isinille miila wolii dhiquu qaddan. \v 15 Akkuma ani isiniif godhe isinille akka gootanu, fakkeenna isinii te'eera. \v 16 Ani dhugaa isinitti hima: Garbichi goottaa ifii hin caalu, ergantichille ka isa erge hin caalu. \v 17 Isin dhugaa tana beettanee, hujii irra yoo oolchitane ka badhaatane. \p \v 18 «Ani marroo isin maraatiif dubbatiisatti hin jiru; ani worra filadheeru hin beeka; ammoo Barreeffam Woyyichi, ‹Namichi sagalee tiyya nyaate garagalee natti ka'e!› jedhu muummowuu qaba. \v 19 Yennaa inni muummowe, isin akka Ani Isa te'e akka dhugeeffattanuuf, adoo inni hin te'in dura amma ani tana isinitti hima. \v 20 Ani dhugaa isinitti hima: Nami ka ani erge fudhatu na fudhata; nami na fudhatulle ka na erge fudhata» isaaniin jedhe. \s1 Yesuus Marroo Dabarfamee Kennamiisa Ifii Dubbate \r (Mat. 26:20-25; Mar. 14:17-21; Luq. 22:21-23) \p \v 21 Yesuus tana dubbateeruun duuba, yaada\f + \fr 13:21\fr*\fqa Yaada: \fqa*\ft Ayyaana\ft*\f* ifiitiin rakkatee, «Ani dhugaa isinitti hima: Isin keessaa tokkochi dabarsee na hin kenna» jedhee ifa tolchee dubbate. \p \v 22 Barattooti marroo eennuutiif akka inni dubbate wollaalanee, wol ilaalane. \v 23 Barattoota keessaa tokko, ka Yesuus isa jaalatu, Yesuusitti aanee tee'eeraayyu. \v 24 Simoon Pheexroos, barataa sanitti qiphifatee, «Marroo eennuutiif akka Yesuus dubbatiisatti jiru gaafadhu» jedheen. \p \v 25 Maarre tanaaf barataan sun ittuma Yesuusitti hiiqee, «Gootta'a, eennu inni?» jedhee gaafate. \p \v 26 Yesuus deebisee, «Ka ani cassaa daabbo'oo tana unata\f + \fr 13:26 \fr*\fqa Unata: \fqa*\ft Ittoo\ft*\f* keessa cuuphee tuuqachiisu isa» jedheen; maarre inni cassaa daabbo'oo fuudhee, ilma Simoonii, Yihudaa nama biyya keriyootii tuuqachiise. \v 27 Yihudaan akkuma cassaa daabbo'oo fudhateen, Seexanni isatti gale; Yesuus isaan, «Waan hujaartu dafii huji!» jedheen. \v 28 Worra irbaata irra jiru san keessaa Yesuus maaf tana akka isaan jedhe nami tokkolle ka beeke hin jiru. \v 29 Yihudaan beesee waan qabatuuf, barattooti gariin jilaaf waan isaanii barbaachisu dhaqee akka bitu, yookiin hiyyeeyyi'iif waan tokko akka kennuuf, Yesuus itti hime seyane. \v 30 Yihudaan cassaa daabbo'oo fudhatee yoosuma gad baye. Yennaan sun halkan. \s1 Ajaja Haareya \p \v 31 Yihudaan gad bayeen duuba, Yesuus, «Ilmi Namaa amma ulfaateera; Waaqille isaan ulfaateera. \v 32 Waaqi isaan yoo ulfaate, Waaqille isa hin ulfeessa; ariifateelle isa hin ulfeessa. \v 33 Ijoollee tiyya, ani yennaa guddoo isin woliin hin jiraadhu. Isin na barbaadu'uuf jirtan; ani ammoo, ‹Addee ani dhaqiisatti jiru isin dhaqiisa hin dandeettanu› jedhee waanuma Yihudoota baallii qabanutti hime amma isinitti hima. \v 34 Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha'a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha'a. \v 35 Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan» jedhe. \s1 Yesuus Akka Pheexroos Isa Mormatu Dubbate \r (Mat. 26:31-35; Mar. 14:27-31; Luq. 22:31-34) \p \v 36 Simoon Pheexroos, «Gootta'a, eessa dhaqaarta?» jedhee isa gaafate. \p Yesuus deebisee, «Addee ani dhaqaaru amma na hordottee hin dandeettu; duuba ammoo ana hin hordotta» jedheen. \p \v 37 Pheexroos, «Gootta'a, amma si hordofiisa maaf hin dandeenne? Ani lubbuu tiyyalle si'iif dabarsee hin kenna» jedheen. \v 38 Yesuus deebisee, «Ati dhugumaan lubbuu teeti naaf dabarsitee hin kennitaa? Ani dhugaa sitti hima: Adoo lukkuun hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedheen. \c 14 \s1 Karaan Gara Abba'aa Geessu Yesuus \p \v 1 Yesuus barattoota ifiitiin, «Gadhaan keessan hin raafamin, Waaqatti dhugeeffadha'a; analle'etti dhugeeffadha'a! \v 2 Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto'oo heddu'utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu. \v 3 Dhaqee addee isiniif qopheesseeruun duuba, addee ani jiru akka leetanuuf, deebi'ee dhufee isin fudhadha. \v 4 Karaa addee ani dhaqaaru geessu san isin hin beettan» jedhe. \p \v 5 Toomaas isaan, «Gootta'a, addee ati dhaqaartu nuuti hin beennu; maarre nuuti attamiin karaa achi geessu beekuu dandeenna?» jedhe. \p \v 6 Yesuus deebisee, «Karaan, dhuga'aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba'aa hin dhufu. \v 7 Adoo na beettanee jiraattanee Abbaa kiyyalle hin beettaniiyyu. Ammaan jalqaddanee isa hin beettan, isalle dhaggitaneertan» jedheen. \p \v 8 Filiphoos isaan, «Gootta'a, Abbaa nu'utti mudhisi; sun nu geetti» jedheen. \p \v 9 Yesuus deebisee, «Isin mara woliin ani yennaa dheertuu tee'eera; Filiphoos! Ati haga ammaa na hin beettuu? Ka ana dhagge Abbaa dhaggeera. Ati maaf, ‹Abbaa nu'utti mudhisi› jetta ree? \v 10 Filiphoos! Akka ani Abba'aan jiru, Abbaalle anaan jiru ati hin dhugeeffattuu? Ani Jecha isinitti dubbadhu, baallii tiyyaan hin dubbadhu. Abbaa, na keessa jiraatuttuu, hujii ifii huja. \v 11 Ani Abba'aan, Abbaalle anaan akka jiru yennaa ani dubbadhe na dhugeeffadha'a. Yookiin sababa waan Ani hujeetiif natti dhugeeffadha'a. \v 12 Ani dhugaa isinitti hima: Nami natti dhugeeffatu waan ani huju hin huja; ani gara Abba'aa waan deemuuf inni waan kana caaluuyyuu hin huja. \v 13 Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan gaafattane mara, ani hin godha. \v 14 Waan mara maqaa kiyyaan yoo na gaafattane, ani hin godha» jedhe. \s1 Marroo Ayyaana Woyyichaatiif Addii Kennante \p \v 15 Yesuus deebisee, «Isin yoo na jaalattane, ajaja kiyya hin eeggattan. \v 16 Ani Abbaa hin gaafadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna. \v 17 Inni Ayyaana dhuga'aa ti. Biyyi lafaa waan isa hin dhaggineef yookiin isa hin beenneef, isa hin fudhattu. Isin ammoo waan inni isin keessaa fi isin woliin jiraatuuf, isa hin beettan. \p \v 18 «Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi'ee gara keessan hin dhufa. \v 19 Yennaa diqqo'oon duuba biyyi lafaa deebitee na hin dhaggitu; isin ammoo na hin dhaggitan; ani jiraataa waan te'eef, isinille hin jiraattan. \v 20 Ani Abbaa kiyyaan, isin anaan, anille isiniin akka jiru, guyyaa san hin beettan. \p \v 21 «Nami na jaalatu, nama ajaja kiyya fudhatee eegatu. Abbaan kiyya ka ana jaalatu hin jaalata; anille isa hin jaaladha, ifille isatti hin mudhisa» jedhe. \v 22 Yihudaa nama biyya Keriyootii adoo hin te'in, Yihudaan dhibiin, «Gootta'a, biyya lafaatitti adoo hin te'in, attamiin nu'utti ifi mudhitta?» jedhe. \p \v 23 Yesuus deebisee, «Nami na jaalatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaalata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena. \v 24 Nami na hin jaalanne Jecha kiyya hin eegatu. Jechi isin dhageettanu kun, ka Abbaa na ergeeti malee, kiyyaa moti. \p \v 25 «Ani amma adoo isin woliin jiruu tana isinitti himeera. \v 26 Jajjabeessaan Ayyaanni Woyyichi, ka Abbaan maqaa kiyyaan ergu, waan mara isin hin barsiisa; waan ani isinitti hime maralle isin hin qaabachiisa. \p \v 27 «Nageya isin bira keya; nageya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille'e. \v 28 ‹Ani deemaara, ammoo deebi'ee gara keessan hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaneertan; adoo na jaalattanu teetee, Abbaan na waan caaluuf, gara Abba'aa deemuu kiyyatti silaa hin gammaddaniiyyu. \v 29 Tun yennaa teete akka dhugeeffattanuuf, duraan dursee adoo tun mara hin te'in, amma isinitti himeera. \v 30 Ka biyya lafaa tana bulchu Seexanni waan dhufiisatti jiruuf, kanatti dabalee yoona guddoo isin woliin hin dubbadhu. Inni na irratti hunna hin qabu; \v 31 ammoo akka ani Abbaa jaaladhu biyyi lafaa akka beettuuf, waan Abbaan na ajaje mara huja; ka'aa me addee tanaa deennaa» jedhe. \c 15 \s1 Yesuus Muka Woyni'ii Dhugicha \p \v 1 Yesuus, «Muki woyni'ii dhugichi Ana; ka dhaabee guddisu Abbaa kiyya. \v 2 Damee natti jirtu ta midhaan hin buunne mara inni muree hin gata; dameen midhaan buuttu ammoo caalchitte akka midhaan buuttuuf, qaccee kutee qulqulleessa. \v 3 Jecha ani isinitti dubbadheen isin ammumaayyuu qulqulloontaneertan. \v 4 Anaan jiraadha'a, anille isiniin hin jiraadha. Dameeleen ifumaan midhaan buuttee hin dandeettu; muka woyni'iititti yoo jiraatte qofa midhaan buutti. Akkasuma isinille yoo anaan hin jiraatin midhaan buusuu hin dandeettanu. \p \v 5 «Ani muka woyni'ii ti, isin dameele'e. Ka anaan jiraatu, ka anille isaan jiraadhu, inni midhaan hedduu hin buusa; anaan malee womaa godhuu hin dandeettanu. \v 6 Ka anaan hin jiraanne mara akka dameele'ee gatamee goga; dameeleen akkasii wolitti qabantee ibiddatti gatantee gubanti. \v 7 Isin yoo anaan jiraattane, jechi kiyyalle isin keessa yoo jiraate, waan feetane mara yoo gaafattane hin dhaggattan. \v 8 Midhaan hedduu isin buuttanuun Abbaan kiyya ulfaata; barattoota tiyya te'uu keessanille mudhittan. \v 9 Akkuma Abbaan kiyya na jaalate anille isin jaaladhe; jaalala kiyyaan jiraadha'a. \v 10 Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegadhe jaalala isaatiin jiraadhu, isinille ajaja kiyya yoo eegattane, jaalala kiyyaan hin jiraattan. \p \v 11 «Gammadi kiyya isin keessa akka jiraatuuf, gammadi keessanille guutuu akka te'uuf tana dubbadhe. \v 12 Ajaji kiyya kana: akkuma ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha'a. \v 13 Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu. \v 14 Waan ani isin ajaje yoo gootane isin jaalota tiyya. \v 15 Haganaa achi garboota tiyya isiniin hin jedhu, sababille garbichi waan goottaan isaa godhu hin beeku. Ani waan Abbaa kiyya irraa dhage'e mara waan isinitti himeeruuf, jaalota tiyya isiniin jedheera. \v 16 Anatti isin filate malee, isin na hin filanne. Isin dhaxxanee midhaan jiraatu hedduu akka buuttanu, ani isin muudeera. Maarre waan maqaa kiyyaan gaafattane mara Abbaan kiyya isiniif hin kenna. \v 17 Eegasuu ani akka isin wol jaalattanuuf isin ajaja» jedhe. \s1 Jibbansa Biyya Lafaa \p \v 18 «Biyyi lafaa yoo isin jibbite, isiniin duraa akka na jibbiteertu beeka'a. \v 19 Isin ka biyya lafaa adoo teetanee, biyyi lafaa ka isi'ii ka te'e silaa hin jaalattiiyyu. Isin ka biyya lafaa waan hin te'inii fi waan ani biyya lafaa tana keessaa isin filadheef biyyi lafaa isin jibbiti. \v 20 Jecha ani, ‹Garbichi goottaa ifii hin caalu› jedhee isinitti hime qaabadha'a. Na miidhanee yoo jiraatane, isinille hin miidhan; Jecha kiyyaaf ajajamanee yoo jiraatane, jecha keessanille'eef hin ajajaman. \v 21 Isaan ka na erge waan hin beenneef, isinille kiyya waan teetaneef, kana mara isin irratti godhan. \v 22 Adoo ani dhufee isaanitti hin dubbatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu. Amma ammoo cubbuu ifiitiif sababa dhikeeffatanu hin qabanu. \v 23 Nami na jibbu Abbaa kiyyalle hin jibba. \v 24 Adoo hujii nami dhibiin ijjumaa hujee hin beenne odduu isaaniititti hin hujatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu; amma ammoo isaan waan ani huje adoo dhagganeeranuu, anaa fi Abbaa kiyyalle jibbane. \v 25 Kunille, ‹Sababuma malee na jibbane› jedhamee jechi Seera isaanii keessatti barreeffame akka muummowuuf te'e. \p \v 26 «Ani Ayyaana dhuga'aa Jajjabeessaa, ka Abbaa biraa dhufu, isiniif hin erga. Inni naaf dhugaa hin baya. \v 27 Isinille jalqabaa jalqaddanee na woliin waan jirtanuuf, dhugaa hin baatan» jedhe. \c 16 \p \v 1 Yesuus, «Dhugeeffannaa teessan irraa akka isin hin gufanneef, ani tana maraa isinitti hime. \v 2 Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa isin baasan; nami isin ijjeesu tokko, waan Waaqaaf tajaajilu yennaan itti fakkaattu hin dhutti. \v 3 Isaan waan Abbaa yookiin na hin beenneef waan kana mara isin irratti godhan. \v 4 Waan kana godhiisaaf yennaan isaanii yoo geette, waan ani isinitti hime akka qaabattanuuf tana isinitti hime. \p «Ani isin woliin waan jiruuf, jalqaba irratti dubbii tana isinitti hin hinne» jedhe. \s1 Hujii Ayyaana Woyyichaa \p \v 5 Yesuus, «Ani ammoo amma gara ka ana ergee deemaara; isin keessaa nami tokkolle, ‹Eessa dhaqaarta?› jedhee na hin gaafatu. \v 6 Ani waan tana isinitti himeef ammoo, gadhaan keessan gaddaan guutameera. \v 7 Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga. \v 8 Inni yennaa dhufe, marroo cubbu'uu, marroo balchumma'aatii fi marroo mura'aa kolbaa biyya lafaatitti hin mudhisa\f + \fr 16:8\fr*\fqa Hin mudhisa: \fqa*\ft Hin kokachiisa\ft*\f*. \v 9 Isaan waan natti hin dhugeeffatiniif, marroo cubbu'uu inni isaanitti hin mudhisa; \v 10 Ani gara Abba'aa waan deemuuf, isinille deebitanee waan na hin dhaggineef, inni marroo balchumma'aa hin mudhisa. \v 11 Bulchaa lafa tanaatitti\f + \fr 16:11\fr*\fqa Bulchaa lafa tanaatitti: \fqa*\ft Seexanaatitti\ft*\f* waan duruu muranteertuuf, inni marroo mura'aa mudhisa. \p \v 12 «Ani waan hedduu isinitti himu qaba, amma ammoo qalbeeffatiisa hin dandeettanu. \v 13 Ayyaanni dhuga'aa yennaa dhufe, inni gara dhuga'aa mara isin hin geessa. Inni ifirraa fuudhee hin dubbatu, ammoo waan dhage'ee fi waan dhufu'uu jiru dubbata. \v 14 Inni waanuma ani jedhu fuudhee waan isinitti himuuf, ulfinna naaf hin kenna. \v 15 Wonni Abbaan qabu martinuu tiyya; tanaaf ani, ‹Ayyaanni Woyyichi waanuma ani jedhe fuudhee isinitti hima› jedhee isinitti dubbadhe. \s1 Gaddaa Fi Gammada \p \v 16 «Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan» jedhe. \v 17 Barattoota isaa keessaa gariin, « ‹Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan; akkasuma inni ani gara Abba'aalle waan deemuuf› nu'uun jechuun isaa kun maan?» jedhanee wol gagaafatane. \v 18 Ittuma deebi'anee, « ‹Yennaa diqqoo› jechuun kun maan? Marroo maanii akka inni dubbatiisatti jiru nuuti hin beennu» jedhane. \p \v 19 Yesuus akka isaan isa gaafatiisa barbaadane beekee, « ‹Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan› waan ani jedheef, isin wol gagaafattanii? \v 20 Ani dhugaa isinitti hima: isin waacittanee boottan, biyyi lafaa ammoo hin gammaddi; isin hin gadditan, gaddi keessan ammoo gara gammadaa hin jijjiirama. \v 21 Dubartiin takka yennaa deyiisa geettu, yennaan ciniinsu'uu waan geetteef hin gadditi; yennaa daa'imi dhalate ammoo, daa'imi gara biyya lafaa waan dhufeef gammaddee, rakkinna ifii deeti. \v 22 Isin amma gaddiisatti jirtan; ani ammoo deebi'ee isin hin dhagga; gadhaan keessan hin gammada; gammada keessan eennulle isin irraa hin fudhatu. \p \v 23 «Guyyaa san, isin womaa na hin gaafattanu. Ani dhugaa isinitti hima: Waan isin maqaa kiyyaan Abbaa gaafattanu mara Abbaan isiniif hin kenna. \v 24 Haga ammaa maqaa kiyyaan waan tokkolle hin gaafanne; gammadi keessan guutuu akka te'uuf, gaafadha'a hin fudhattan» isaaniin jedhe. \s1 Injifatamuu Biyya Lafaa \p \v 25 Yesuus, «Kana mara isinitti himiisaaf fakkeennaan dubbadheera. Yennaan ani fakkeennaan hin dubbanne hin dhutti; marroo Abba'aa ammoo ifa tolchee isinitti hima. \v 26 Guyyaa san, isin maqaa kiyyaan hin gaafattan; ani Abbaa isiniif gaafadha isiniin hin jedhu. \v 27 Isin waan ana jaalattaneef, akka ani Waaqa biraa dhufelle waan dhugeeffattaneef, Abbaanuu isin hin jaalata. \v 28 Ani Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufe; amma biyya lafaa lakkisee deebi'ee gara Abba'aa deemaara» jedhe. \p \v 29 Achiin duuba barattooti isaa, «Ati amma fakkeenna malee, ifa tolchitee dubbatiisatti jirta. \v 30 Amma akka ati waan mara beettu, gaaffii nami qabu adoo inni si hin gaafatinille akka beettu nuuti beenneerra. Tanaaf akka ati Waaqa biraa dhutte nuuti hin dhugeeffanna» jedhaneen. \v 31 Yesuus deebisee, «Isin amma dhugeeffattaneertanii? \v 32 Yennaan isin qofi na lakkittanee namuu gara mana ifii bittinnowu dhufiisatti jirti; ammaayyuu dhutteerti; ani qofii tiyya hin hafa. Abbaan na woliin waan jiruuf, ani ammoo qofi hin jiru. \v 33 Anaan nageenni akka isinii te'uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha'a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe. \c 17 \s1 Yesuus Barattoota Ifiitiif Daadimate \p \v 1 Dubbii tana dubbateen duuba, Yesuus gara ol-gubba'aa ol ilaalee, «Abba'a, yennaan geetteerti. Ilmi keeti ulfinna akka sii kennuuf, Ilma keeti ulfeessi. \v 2 Sababille worra ati isaaf kennite maraaf, jiruu bara baraa akka kennuuf, ati kolbaa mara irratti baallii isaaf kenniteerta. \v 3 Jiruu bara baraa jechuun si Waaqa tokkocha dhugaamessaa fi Yesuus Kiristoosii ati ergite beekiisa. \v 4 Hujii ati akka ani hujuuf natti kennite muummessiisaan lafa irratti ani si ulfeesseera. \v 5 Abba'a! Ulfinnuma adoo biyyi lafaa hin dadamin dura ani si biratti qabu san, amma ifi biratti naaf kenni. \p \v 6 «Biyya lafaa keessaa worra ati naaf kenniteef maqaa keeti beessiseera. Isaan keetiiyyu, ati ammoo naaf kennite. Isaan jecha keeti eegataneeran; \v 7 amma isaan wonni ati naaf kennite maraa si biraa akka dhutte beekaneeran. \v 8 Jecha ati naaf kennite ani isaaniif kenneera; isaanille fudhataneeran; akka ani si biraa dhufe dhugumaan beekaneeran; akka ati na ergitelle dhugeeffataneeran. \p \v 9 «Ani isaaniif daadimadha; worri ati naaf kennite keeti waan te'aneef, isaaniif daadimadha malee, biyya lafaatiif hin daadimadhu. \v 10 Ka ani qabu maraa keeti, ka atille qaddu maraa kiyya; ulfinni kiyya isaaniin mudhata. \v 11 Ani amma gara keeti dhufaara; haganaa achi biyya lafaa keessa hin jiraadhu; isaan ammoo biyya lafaa keessa jiran. Abbaa woyyu'u! Akkuma nuuti tokko teene, worri ati naaf kennitelle tokko akka te'anuuf, maqaa keeti ka anaaf kenniteen, isaan eegi. \v 12 Yennaa isaan woliin jiru, maqaa keeti ka ati naaf kenniteen ani isaan eegeera; ani isaan tisseera; Barreeffam Woyyichi akka muummowuuf, isaan keessaa ilma badi'ii malee, tokkolle ka bade hin jiru. \v 13 Ani amma gara keeti dhufaara; isaan gammada kiyya guutuu akka qabaatanuuf, dubbii tana biyya lafaa keessatti dubbadha. \v 14 Ani dubbii teeti isaanii kenneera; akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaa waan hin te'iniif, biyyi lafaalle isaan jibbite. \v 15 Ani akka ati hamaalessa irraa isaan eedduuf si gaafadha malee, akka ati biyya lafaa keessaa isaan baattuuf si hin gaafadhu. \v 16 Akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaatii moti. \v 17 Jechi keeti dhuga'a; dhuga'aan isaan woyyoonsi. \v 18 Akkuma ati gara biyya lafaa ana ergite, anille gara biyya lafaa isaan ergeera. \v 19 Isaan dhuga'aan ka woyyoomane akka te'anu, ani isaaniif jedhee ifi woyyoonsa. \p \v 20 «Worra dubbii isaanii dhage'ee natti dhugeeffatuufille gaafadha malee, isaan calla'aaf hin gaafadhu. \v 21 Ani akka isaan maraa tokko te'anu daadimadha. Abba'a! Akkuma ati anaan jirtu anille akkuma si'iin jiru, isaanille nu'uun akka jiraatanu, akka ati na ergitelle biyyi lafaa akka dhugeeffattuuf daadimadha. \v 22 Akkuma atii fi ani tokko teene, isaanille tokko akka te'anuuf, ulfinnuma ati naaf kennite, anille isaaniif kenne. \v 23 Ani isaaniin, atille anaan akkuma jirtu, isaanille ijjumaa tokko akka te'anu, biyyi lafaalle akka ati na ergitee fi akkuma na jaalatte, isaanille akka jaalatte akka beettuuf daadimadha. \p \v 24 «Abba'a! Ati isaan naaf kenniteerta; addee ani jiru na woliin akka isaan jiraatanu, biyyi lafaa adoo hin dadamin dura waan na jaalatteef, ulfinna ati naaf kennite, akka isaan dhagganuuf barbaada. \v 25 Abbaa balcha'a! Biyyi lafaa si hin beenne; ani ammoo si beeka; isaan kunille akka ati na ergite beekaneeran. \v 26 Ani akka isaan si beekanu godheera; jaalalli ati na jaalatte isaan keessa akka jiraatuuf, anille isaan keessa akka jiraadhu, ammalle ittuma akka beekanu hin godha» jedhe. \c 18 \s1 Yesuus Qabame \r (Mat. 26:47-56; Mar. 14:43-50; Luq. 22:47-53) \p \v 1 Yesuus daadimata kana daadimateen duuba, barattoota ifii woliin dhooqa Qedirooniitiin gama dhaqe. Addee san oorru'utti jira. Yesuusii fi barattooti isaa oorruu san seenane. \v 2 Yesuusii fi barattooti isaa yennaa hedduu achitti waan wol dhagganuuf, Yihudaan dabarsee isa kenne addee san hin beekaayyu. \v 3 Maarre Yihudaan loltoota worra Rooma'aa, eeddota Galma Waaqaa ka sooreyyii hayyootaatiin ergamanee fi Fariisaayota guuratee gara addee oorru'uu san dhaqe; isaan meya woraanaa hidhatanee faanosi'ii fi xassaa qabataneeran. \v 4 Yesuus waan itti dhufaaru beekee, gara duraa itti deemee, «Eennu barbaaddan?» isaaniin jedhe. \p \v 5 Isaan deebisanee, «Yesuusii biyya Naaziretii ti» jedhane. \p Inni, «Aninuu isa» isaaniin jedhe. Yihudaan isa dabarsee kennelle isaan woliin achi dhaabbateeraayyu. \v 6 Yennaa Yesuus, «Aninuu isa» jedhe gara duubaa sissiqanee lafatti jigane. \v 7 Ammalle Yesuus, «Eennu barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. \p Isaan, «Yesuusii Naaziretii ti» jedhane. \p \v 8 Yesuus deebisee, « ‹Aninuu isa› jedhee isinitti himeera. Isin, na yoo barbaadiisatti jiraattane, worra kana lakkisa'a deemanuu ti» jedhe. \v 9 Dubbiin inni tanaan dura, «Abba'a, worra ati naaf kennite keessaa tokkolle hin ganne» jedhe akka muummottuuf tana dubbate. \p \v 10 Simoon Pheexroos, shallaagaa qabateeru buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa middicha irraa kute. Maqaan garbicha saniille Maalkoos. \v 11 Yesuus Pheexroosiin, «Shallaagaa keeti gonofa'atti deebisi! Muduunuu rakko'oo ta Abbaan kiyya akka ani unuuf naaf kenne ani hin unuu?» jedhe. \s1 Yesuus Hayyicha Guddaa Dura Dhiyaate \p \v 12 Achiin duuba loltooti worra Rooma'aa worra isaan ajajuu fi Yihudoota Galma Waaqaa eeganu woliin Yesuus qabanee, hidhanee, \v 13 matooma gara Haannaas isa geessane. Haannaas abbaa-soddaa Qayyaaffa'aa ti; Qayyaaffaan bara san Hayyicha Guddaa te'eeraayyu. \v 14 Qayyaaffaan kunille, nami tokko kolbaa maraaf yoo du'e woyya jedhee Yihudoota baallii qabanu ka gorse. \s1 Pheexroos Yesuus Mormate \r (Mat. 26:69-70; Mar. 14:66-68; Luq. 22:55-57) \p \v 15 Simoon Pheexroosii fi barataan dhibiin Yesuus hordofane. Barataan dhibiin sun Hayyicha Guddaa biratti beekkamaa waan te'eef, Yesuus woliin gara dalleya mana hayyicha gudda'aa seene. \v 16 Pheexroos ammoo karra duratti hafe. Barataan dhibiin, Hayyicha Guddaa biratti beekkame sun gad bayee, durrittii karra eeddutti himee, Pheexroos ol seensise. \v 17 Durrittiin karra eeddu Pheexroosiin, «Ati barattoota namicha sanii keessaa tokkoo motii?» jette. Pheexroos deebisee, «Waawwo'o, anaa moti» jedhe. \v 18 Boojjiin waan jirtuuf, tajaajiltootaa fi worri eeddotaa ibidda cile'ee gabbisanee, naannoo isaa dhaabbatanee, o'ifatiisatti jiran. Pheexroosille isaan woliin dhaqee dhaabbatee o'ifate. \s1 Hayyichi Guddaan Gaaffii Yesuus Gaafate \r (Mat. 26:59-66; Mar. 14:55-64; Luq. 22:66-71) \p \v 19 Hayyichi guddaan marroo barattoota isaatii fi marroo barsiisa isaa Yesuus gaafate. \v 20 Yesuus deebisee, «Ani mudhinnatti nama maratti dubbadheera; yennaa mara mana Waaqonfannaa Yihudootaatii fi Galma Waaqaa keessatti addee kolbaan marti wolitti qabantutti barsiiseera. Ani dhossa'atti waan tokkolle hin dubbanne. \v 21 Ati maaf na gaafatta ree? Kolbaa na dhageette gaafadhu. Isaan waan ani jedhe hin beekan» jedheen. \p \v 22 Yennaa Yesuus tana jedhe, worra eeddotaa ka achi jiranu keessaa tokko, «Hayyicha gudda'atti attam akkas deebittee dubbatta?» jedhee isa kabale. \p \v 23 Yesuus deebisee, «Yoo ani dokonkora dubbadhee jiraadhe, dokonkora san nama as jirutti himi. Yoo ani sirrii dubbadhee jiraadhe ammoo ati maaf na dhootta?» isaan jedhe. \v 24 Achiin duuba Haannaas, akkuma inni hidhamee jiruun, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda'aa isa erge. \s1 Pheexroos Ammalle Yesuus Mormate \r (Mat. 26:71-75; Mar. 14:69-72; Luq. 22:58-62) \p \v 25 Simoon Pheexroos adoo achi dhaabbatee ibidda o'ifatiisatti jiruu, worri dhibiin isaan, «Atille barattoota isaa keessaa tokkoo motii?» isaan jedhane. Pheexroos ammoo, «Waawwo'o, anaa moti» jedhee mormate. \v 26 Garboota hayyicha gudda'aa keessaa tokko, firri namicha Pheexroos gurra irraa kutee, «Isa woliin oorruu keessatti ani si hin dhagginee?» jedhee isa gaafate. \v 27 Pheexroos ammalle mormate; yoosuma lukkuun iyyite. \s1 Yesuus Philaaxoos Duratti Dhiyeeffame \r (Mat. 27:1-2,11-14; Mar. 15:1-5; Luq. 23:1-5) \p \v 28 Barii halkaniin Yesuus mana Qayyaaffa'aatii gara galma bulchaa biyyaa geessane. Yihudooti baalli qabanu nyaata Jila Irra Dabaramaa nyaatiisaaf akka dande'anu, qulqullinna aadaa dhugeeffannaa isaanii eegatiisaaf waan barbaadaneef, galma bulchaa biyyaa hin seenne. \v 29 Tanaaf Philaaxoos gara isaanii gad bayee, «Wonni isin namicha kana ittiin himattanu maan?» jedheen. \p \v 30 Isaan deebisanee, «Adoo inni yakkaa tokko hin hujin nuuti gara keeti isa hin finnuuyyu» jedhaneen. \p \v 31 Philaaxoos isaaniin, «Isinunti isa fuudha'aatii, akka seera keessaniititti itti mura'a» jedhe. \p Isaan, «Nuuti nama tokkolle ijjeesu'uuf seerri nuuf hin kennu» jedhanee deebisane. \v 32 Dubbiin Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru dubbate akka muummottuuf tun teete. \p \v 33 Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee seenee, Yesuus waamee, «Ati mootii Yihudootaatii?» jedhee isa gaafate. \p \v 34 Yesuus deebisee, «Gaaffii tana si'umatti gaafata moo yookiin worra dhibi'itti marroo tiyya sitti hime?» jedhe. \p \v 35 Philaaxoos deebisee, «Ati nama Yihudi'ii na seetaa? Kolbuma teetii fi sooreyyii hayyootaatitti gara kiyya dabarsee si kenne. Ati maan gooteerta?» jedhe. \p \v 36 Yesuus deebisee, «Mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaatii moti; adoo mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaa teetee, akka ani worra Yihudoota baallii qabanutti dabarfamee hin kennanne, silaa hordofattooti tiyya naaf hin lolaniiyyu. Mootummaan tiyya ammoo ta biyya lafa tanaatii moti» jedhe. \v 37 Maarre Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaatii ree?» jedhee isa gaafannaan, Yesuus deebisee, «Akka ani mooti'ii atinuu jette. Ani marroo dhuga'aatiif dhugaa bayiisaaf dhaladhee, gara biyya lafaa dhufe. Ka dhuga'aa ka te'e na hin dhage'a» jedhe. \v 38 Philaaxoos, «Dhugaan maan inni?» jedhee gaafate. \s1 Yesuusitti Duuti Murante \r (Mat. 27:15-31; Mar. 15:6-20; Luq. 23:13-25) \p Achiin duuba Philaaxoos gara kolba'aa deebi'ee gad bayee, «Ani yakkaa isa himachiittu tokkolle isa irratti hin dhaggu. \v 39 Ammoo ani yennaa Jila Irra Dabaramaa, yennaa mara nama hidhameeru tokko akka isinii hiiku barattaneertan. Mootii Yihudootaa akka ani isiniif hiiku barbaaddanii?» isaaniin jedhe. \v 40 Jennaan isaan, «Waawwo'o, isaa moti! Barabbaa nuu hiiki!» jedhane itti hogisane; Barabbaan nama nama saamaa ture. \c 19 \p \v 1 Achiin duuba Philaaxoos Yesuus fuudhee dhaansise. \v 2 Worri loltootaa dameelee qore'ee irraa kallacha hujanee mataa isaatitti keyane; achiin duuba woyaa dhiillee itti uffisane. \v 3 Gara isaalle dhufaa, «Mootii Yihudootaa jiraadhu!» jedhaa isa kakkabalane. \p \v 4 Philaaxoos ammalle gad bayee gumi'iin, «Waan isa himachiisu tokkolle akka ani hin dhaggin akka ilaaltanu, kunoo, gara keessan gad isa hin baasa» jedhe. \v 5 Maarre Yesuus kallacha qore'ee keyatee, woyaa dhiilleelle uffatee gad baye. Philaaxoos, «Kunoo! Namichi!» isaaniin jedhe. \p \v 6 Sooreyyiin hayyootaatii fi eeddoti Galma Waaqaa yennaa isa dhaggane, «Fannis! Fannisi!» jedhanee hogisane. Philaaxoos isaaniin, «Isin fuudha'aatii, fannisa'a. Ani yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine» jedhe. \p \v 7 Gumiin, «Nuuti seera tokko qanna; inni Ilma Waaqaa ifi godheera, akka seera keennaatitti du'uu qaba» jette. \p \v 8 Philaaxoos yennaa tana dhage'e, ittuma caalchisee sodaate. \v 9 Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee, «Ati eessaa dhutte?» jedhee Yesuus gaafate. \p Yesuus ammoo waan tokkolle hin deebinne. \v 10 Philaaxoos, «Ati natti hin hintuu? Akka ani si hiikiisaa fi si fannisiisaafille baallii qabu hin beettuu?» isaan jedhe. \p \v 11 Yesuus deebisee, «Waan Waaqaan baalliin sii kennanteef malee, ati silaa baallii na irratti hin qadduuyyu. Tanaaf nami dabarsee sitti na kenne, yakkaamessa cubbuu cubbuu caaltee ti» jedhe. \p \v 12 Philaaxoos yennaa tana dhage'e, karaa Yesuus ittiin hiiku dhaggatiisaaf wodhaane. Gumiin ammoo, «Yoo isa hiitte, ati jaala mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatii moti; nami mootii tokko ifi godhu marti, mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatiin mormee isa lolu» jettee ittuma hogitte. \p \v 13 Philaaxoos yennaa dubbii tana dhage'e, Yesuus gad baasee, addee dhakaa baxxicha jedhantutti barcumaa mura'a irra tee'e; addeen sun afaan Ibrootaatiin, «Gabataa» jedhanti. \v 14 Guyyaan sun ka Jila Irra Dabaramaatiif qophowanu, gara saatii jaa ti. Philaaxoos kolba'aan, «Kunoo, mootiin keessan» jedhe. \p \v 15 Isaan, «Ijjeesi! Ijjeesi! Fannis!» jedhanee ittuma hogisane. \p Philaaxoos, «Mootii keessan fannisuu?» jedhee isaan gaafate. \p Sooreyyiin hayyootaalle, «Nuuti mootii moototaa ka biyya Rooma'aa malee, mootii hin qannu!» jedhanee deebisane. \v 16 Achiin duuba Philaaxoos akka Yesuus fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne. Isaanille Yesuus fuudhanee deemane. \s1 Yesuus Fannifame \r (Mat. 27:32-44; Mar. 15:21-32; Luq. 23:26-43) \p \v 17 Achiin duuba Yesuus fannoo ifii ba'atee, gara addee, «Buqqii mata'aa» yookiin afaan Ibrootaatiin, «Golgootaa» jedhantu dhaqe. \v 18 Isaan achitti isa fannisane; namoota dhibiille lamaan, maddii maddi'itti, Yesuus wodhakkaa isaaniititti fannisane. \v 19 Philaaxoos waan ittiin beessisu tokko barreessee fannoo gubbaa keye. Wonni inni barreesse, «Yesuus nama biyya Naaziretii, mootii Yihudootaa» jetti. \v 20 Addeen Yesuus itti fannifame qachaa bira waan teeteef, barreeffama san kolbaa heddu'utti dubbise. Beessisi sun afaan Ibrootaatiin, afaan Rooma'aatii fi afaan Giriikiitiin barreeffame. \v 21 Sooreyyiin hayyootaa Philaaxoosiin, «Namichi kun, ‹Ani mootii Yihudootaa ti› jedheera jedhi malee, ‹Mootii Yihudootaa› jettee hin barreessin» jedhane. \p \v 22 Philaaxoos deebisee, «Ani waan barreesse barreesseera» jedhe. \v 23 Loltooti Yesuus fannisaneen duuba, woyaa isaa addee afuritti qoodanee, tokko tokkoon qooda ifii fudhatane. Isaan ruufalle fuudhane; ruufi isaa ammoo gubba'aa haga jalaatitti dhowameera malee, hodhaa hin qabu. \v 24 Loltooti, «Ruufa kana hin tarsaannu; hixaa itti buufannee, akka eennu gewu ilaalluu ti!» woliin jedhane. Barreeffam Woyyichi, \q1 «Woyaa tiyya qoodamane, \q2 ruufa kiyyatti hixaa buufatane» jedhu akka muummowuuf kun te'e. Loltootille kanuma godhane. \p \v 25 Fannoo Yesuusii cinaa, haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaamiin niitiin Qilopha'aatii fi Maariyaamiin Magdalaa dhaabbataneeraniiyyu. \v 26 Yesuus haadha ifiitii fi barataa ifii ka jaalattu achi dhaabbatanuun yennaa dhagge, haadha ifiitiin, «Haadha tiyya, inni ilma keeti» jedheen. \p \v 27 Achiin duuba barattichaan, «Isiin haadha teeti» jedheen. Yennaa sanii jalqabee barattichi mana isaa akka leetuuf gara mana ifii isii fudhate. \s1 Du'a Yesuusii \r (Mat. 27:45-56; Mar. 15:33-41; Luq. 23:44-49) \p \v 28 Yesuus amma wonni marti hobba'iisa beekee, akka Barreeffam Woyyichi muummowuuf, «Ani dheebodhe» jedhe. \p \v 29 Qoriin daadhiin woyni'ii dhangaggoottu'uun guutanteertu takka achi jirtiiyyu; maarre isaan ispoonjii\f + \fr 19:29\fr*\fqa Ispoonjii: \fqa*\ft Waan nafaan bisaan xuuxu\ft*\f* daadhii woyni'ii dhangaggoottuu xuuxachiisanee, damee muka hisoophi jedhamuu irra keyanee, gara afaan isaa ol qabane. \v 30 Yesuus daadhii dhangaggoottuu san unee, «Hobbaate!» jedhe. \p Achiin duuba mataa gad qabatee lubbuu ifii dabarsee kenne. \s1 Cinaachi Yesuusii Woraaname \p \v 31 Guyyaan sun guyyaa itti qophowanu guyyaa jimaata waan te'eef, guyyaan itti aanulle guyyaa Sanbata jila guddo'oo waan te'eef, Yihudooti baallii qabanu reeffi namootaa guyyaa Sanbataatiin fannoo gubbaa akka hin oolleef, miila worra fannifamaneeranuu cassanee, fannoo irraa gad buusiisaaf, Philaaxoos gaafatane. \v 32 Maarre loltooti dhaqanee miila worra Yesuus woliin fannifameeruu, dursanee miila namicha matoomaa, achiin duuba miila namicha kaaniille cassane. \v 33 Isaan yennaa gara Yesuusii dhufane ammoo, inni duraanuu akka du'eeru dhagganee, miila isaa hin cassine. \v 34 Te'uu malee, loltoota keessaa tokkochi, woraana ifiitiin cinaacha Yesuusii woraannaan yoosuma dhiigii fi bisaan keessaa jige. \v 35 Kana ka dhagge, akka isin dhugeeffattanuuf dhugaa bayeera; dhugaan inni bayelle dhuga'a; wonni inni dubbatulle dhugaa akka teete hin beeka. \v 36 Kun Barreeffam Woyyichi, «Lafeen isaa tokkolle hin caddu» ka jedhu akka muummowuuf te'e. \v 37 Barreeffam Woyyichi dhibiin, «Isaan kama woraanane san hin dhaggan» jedha. \s1 Yesuus Awwaalame \r (Mat. 27:57-61; Mar. 15:42-47; Luq. 23:50-56) \p \v 38 Kanaan duuba, Yoseefiin biyya Armaatiya'aa, ka Yihudoota baallii qaddu sodaatee, dhokaataan hordofataa Yesuusii te'eeru, reeffa Yesuusii fannoo irraa fuudhiisaaf Philaaxoos gaafate. Philaaxoos eeyyamee jennaan, Yoseef dhaqee reeffa Yesuusii fuudhe. \v 39 Niqoodemoos, ka duraanuu halkaniin gara Yesuusii dhufeeru, qumbi'ii fi hargiisa wolitti makame, gara kiiloogiraama soddomii afurii qabatee, Yoseef woliin addee san dhaqe.\x - \xo 19:39 \xo*\xt Yoh. 3:1-2\xt*\x* \v 40 Namooti lamaan reeffa Yesuusii fuudhanee akka aadaa Yihudooti reeffa maranutti, fiqiree woliin woyaa qoolaan marane. \v 41 Addee inni itti fannifame san oorru'utti jira; oorruu san keessa godi awwaalaa haarenni ka nami tokkolle itti hin awwaalaminitti jira. \v 42 Guyyaa worri Yihudootaa itti qophowanu waan te'eef, godi awwaalaalle dhikoo waan te'eef, reeffa Yesuusii achitti awwaalane. \c 20 \s1 Yesuus Du'aa Ka'e \r (Mat. 28:1-8; Mar. 16:1-8; Luq. 24:1-12) \p \v 1 Guyyaa dilbataa ganama, barii halkan, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa gara goda awwaalaa dhaxxee, dhakaan afaan goda awwaalaa irraa fuudhameeruun dhaggite. \v 2 Isiin gara Simoon Pheexroosiitii fi barataa kaanii, ka Yesuus isa jaalatee, rukkittee dhaxxee, «Goottaa goda awwaalaa keessaa fuudhaneeran; isaan eessa akka isa keyaneeranu nuuti hin beennu» jettee isaanitti hinte. \p \v 3 Achiin duuba Pheexroosii fi barataan kuun gara goda awwaalaa dhaqane. \v 4 Isaan lamaanuu woliin rukkisanee, barataan kuun ammoo Pheexroos caalaa ariifatee rukkisee, dursee goda awwaalaa bira geye. \v 5 Inni gad jedhee woyaa qoolaa ta ittiin marante achitti dhagge malee, keessa hin seenne. \v 6 Simoon Pheexroos isa duubaan dhufee, boolla awwaalaa keessa seenee, woyaa qoolaatii \v 7 fi woyaa mataa Yesuusiititti maraneeranulle achitti dhagge. Woyaan mataa Yesuusiititti maraneeranu, woyaa qoolaa ta ittiin marane woliin adoo hin te'in qofuu marantee achi jirti. \v 8 Achiin duuba barataan Pheexroos dursee goda awwaalaa bira geye kuunille, keessa seenee, dhaggee dhugeeffate. \v 9 Isaan Barreeffama Woyyicha, «Inni du'aa ka'uu qaba» jedhu haga ammaa hin hubanne. \v 10 Achiin duuba barattooti lamaan sun gara manaa deebi'anee galane. \s1 Yesuus, Maariyaamii Qachaa Magdala'aatitti Mudhate \r (Mat. 28:9-10; Mar. 16:9-11) \p \v 11 Maariyaam goda awwaalaatiin ala dhaabbattee bowiisatti jirtiiyyu. Adoo bowiisatti jirtuu, gad jettee goda awwaalaa keessa ilaaltee, \v 12 ergantooti Waaqaa lamaan uffana adii uffatanee, addee reeffi Yesuusii dur jiru, tokkochi gara mata'aatiin, kuun gara miilaatiin tee'aneeranuun dhaggite. \v 13 Isaan, «Dubartii tana, maaf bootta?» jedhanee isii gaafatane. \p Isiin deebittee, «Goottaa kiyya fuudhaneeran; eessa akka isa keyaneeranu ani hin beeku!» jette. \p \v 14 Achiin duuba isiin garagaltee Yesuus achi dhaabbateeruun dhaggite; ammoo akka inni Yesuus te'e hin beenne. \v 15 Yesuus, «Dubartii tana, maaf bootta? Ati eennu barbaadda?» jedhee isii gaafate. \p Isiin, nama oorruu eegu isa seetee, «Goottaa kiyya, ati yoo isa asii fuutee jiraatte, eessa akka isa keette natti himi, ani dhaqee isa fudhadhaa» jetteen. \p \v 16 Yesuus, «Maariyaam» isi'iin jedhe. Isiin gara isaa garagaltee afaan Ibrootaatiin, «Rabbunii» jetteen; akkas jechuun, «Barsiisaa» jechu'u. \p \v 17 Yesuus, «Ana hin qabin! Sababille ani haga ammaa gara Abba'aa ol hin baane. Ammoo gara obboleeyyan tiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaatii fi Abbaa keessanii, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessanii ol bayaara› jedhiitii isaanitti himi!» jedhee isi'itti hime. \v 18 Maarre Maariyaamiin gara qachaa Magdala'aa dhaxxee akka Goottaa dhaggiteertuu fi waan inni isi'itti hime barattootatti hinte. \s1 Yesuus Barattoota Ifiititti Mudhate \r (Mat. 28:16-20; Mar. 16:14-18; Luq. 24:36-49) \p \v 19 Dilbata san galgala, barattooti Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, wolitti dacha'anee balbala cufataneeranuun, Yesuus dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» jedhe. \v 20 Tana jedheen duuba, cinaacha ifiitii fi harka ifii lamaan isaanitti mudhise. Barattooti Goottaa waan dhagganeef guddoo gammadane. \v 21 Yesuus ammalle, «Nageenni isiniif te'u. Akkuma Abbaan na erge, anille isin erga» isaaniin jedhe. \v 22 Achiin duuba inni hafuura isaanitti baafatee, «Ayyaana Woyyicha fudhadha'a! \v 23 Isin yoo cubbuu kolba'aa araarantane, isaan araara hin dhaggatan; isin yoo hin araaramin, isaan araara hin dhaggatanu» jedhe. \s1 Yesuusii Fi Toomaas \p \v 24 Barattoota kudhanii lamaan keessaa, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, yennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru. \v 25 Maarre barattooti dhibiin, «Nuuti Goottaa dhaggineerra!» jedhanee itti himane. \p Toomaas isaaniin, «Madaa misimaaraa harka isaa lamaaniituu dhaggee, quba kiyya yoo keye malee, madaa cinaacha isaa keessalle harka kiyya yoo keye malee, ani hin dhugeeffadhu» jedhe. \p \v 26 Torbaan tokkoon duuba ammalle barattooti isaa wolitti qabamanee mana keessa jiraniiyyu; Toomaasille isaan woliin jira. Balbalti cufanteertuun, Yesuus ammoo dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u» jedhe. \v 27 Achiin duuba inni Toomaasiin, «Quba keeti as fidii irra keyii, harka kiyya lamaan ilaali; harka keetille diriirsiitii madaa cinaacha kiyyaa keessa keyi. Dhugeeffadhu malee, hin mamin!» jedhe. \p \v 28 Toomaas deebisee, «Goottaa kiyya, Waaqa kiyya!» jedhe. \v 29 Yesuus isaan, «Waan na dhaggiteef dhugeeffattee? Worri adoo ana hin dhaggin dhugeeffatu ka badhaadhe!» jedhe. \s1 Kaayoo Kitaaba Kanaa \p \v 30 Yesuus bilbaasota hedduu, ka kitaaba kana keessatti hin barreeffamin, barattoota ifii duratti hujeera. \v 31 Bilbaasoti kun ammoo akka Yesuus Masiihii te'ee fi Ilma Waaqaalle te'e, itti dhugeeffatiisaan maqaa isaatiin jiruu akka dhaggattanu barreeffamane. \c 21 \s1 Yesuus Barattoota Torbatti Mudhate \p \v 1 Kanaan duuba, Yesuus qarqara abbaayaa Xiberiyaasiititti ammalle barattoota ifiititti mudhate. Akki inni itti mudhatelle akkas: \v 2 Simoon Pheexroos, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, Naataanaa'el nami qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhibiin lamaan woliin jiraniiyyu. \v 3 Simoon Pheexroos, «Ani qurxummii guuriisa dhaqaara» isaaniin jedhe. \p Isaanille, «Nuutille si woliin dhandhaa» jedhaneen. Maarre isaan gad bayanee hoboloo yaabane. Halkan san ammoo waan tokko hin qabanne. \v 4 Yennaa aduun baatu, Yesuus qarqara bisaanii dhaabbate; barattooti ammoo akka Yesuus te'e hin beenne. \v 5 Achiin duuba inni isaaniin, «Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?» jedhee isaan gaafate. \p Isaan, «Waawwo'o» jedhanee deebisane. \p \v 6 Inni isaaniin, «Hobolo'oon gara middaatitti caccoo teessan buusa'a, hin guurattan» jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane. \p \v 7 Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, «Gootta'aa be!» jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te'e yennaa dhage'e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya'aa utaale. \v 8 Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa callaa lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee'anee, gara qarqara abbaaya'aa dhufane. \v 9 Isaan yennaa qarqaratti bayane, daabbo'oo fi qurxummii kashila cile'ee irra jirtu achitti dhaggane. \v 10 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Qurxummuma amma qabattane irraa fida'a» jedhe. \p \v 11 Simoon Pheexroos hoboloo yaabee, caccoo qurxummiin gugurdoon dhibbaa fi shantamii sadii keessa guutte, gara lafaa harkise; adoo qurxummiin haga kana heddattuu, caccoon hin tarsaane. \v 12 Yesuus isaaniin, «Kowa'aa diiranteeffadha'a!» jedhe. Isaan Goottaa te'uu isaa waan beekaneef, barattoota keessaa tokkolle, «Ati eennu?» jedhee gaafatiisaaf ka itti game hin jiru. \v 13 Maarre Yesuus dhufee, daabboo fuudhee, isaaniif kenne; qurxummiille akkasuma godhe. \p \v 14 Yesuus eega du'aa ka'e, barattootatti mudhatuun isaa tun yennaa sadeesso'oo ti. \s1 Yesuusii Fi Pheexroos \p \v 15 Diiranteeffatanee ka'aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Simoonii ilma Yohaannisii\f + \fr 21:15\fr*\ft Woraabbiin durii gariin «Yoonaa» jedhan\ft*\f*, worra kana caalaa na jaalattaa?» jedhe. \p Inni, «Ee, Goottaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise. \p Yesuus isaan, «Ilmoolee tiyya dheedisiisi\f + \fr 21:15\fr*\fqa Dheedisiisi: \fqa*\ft Kunuunsi\ft*\f*» jedhe. \v 16 Yesuus lammeessoo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalattaa?» jedheen. \p Inni, «Ee, Gootta'a, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise. \p Yesuus, «Buruusoo tiyya tissi» jedheen. \v 17 Yesuus yennaa sadeesso'oo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalatta?» jedhe. \p Pheexroos waan inni sadeessoo, «Ana jaalattaa?» jedhee isa gaafateef gaddee, «Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen; \p Yesuus, «Hoolee tiyya bobbaasi. \v 18 Ani dhugaa si'iin jedha: Ati yennaa dargaggeessaa, hidhattee gara barbaadde deentaayyu; yennaa dulloonte ammoo, harka keeti diriirfatteen, nami dhibiin sitti hidhee gara ati hin jaalanne si geessa» jedheen. \v 19 Yesuus tana jedhiisaan, Pheexroos du'a attamii du'ee Waaqa akka ulfeessu'uuf jiru mudhise. Achiin duuba Yesuus, «Na hordofi!» isaan jedhe. \s1 Yesuusii Fi Barataa Jaalatamaa \p \v 20 Pheexroos garagalee barataan Yesuus isa jaalatu kuun Yesuus hordofuun dhagge; barataan kun ka irbaata irratti gara Yesuusii ittuma hiiqee, «Gootta'a, ka dabarsee si kennaaru eennu inni?» jedhee gaafate. \v 21 Pheexroos yennaa isa dhagge, «Gootta'a, namichi kun maan te'a ree?» jedhee Yesuus gaafate. \p \v 22 Yesuus, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe? Na hordofi» jedheen. \p \v 23 Maarre oduun, «Barataan kun hin du'u» jettu worra Yesuus hordofu oddu'utti odeeffante. Yesuus ammoo, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe?» jedhe malee, inni hin du'u hin jenne. \v 24 Ka waan kana dhugaa bayee fi ka waan kanalle barreesse baratuma kana; nuutille wonni inni dhugaa baye dhugaa akka teete hin beenna. \p \v 25 Wonni Yesuus huje dhibiin heddu'utti jira. Marti isi'iituu tokko tokkoon adoo barreeffantee jiraattee, silaafuu biyyi lafaa duudiin kitaabota barreeffamanu kana dandeettee hin ba'attuuyyuu jedhee herrega.