\id JER - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa \toc1 Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa \toc2 Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa \toc3 Erm. \mt1 Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa \imt Seensa \ip Ermiyaasiin raagichi dhaloota Kiristoosiitiin dura haga dhuma jaarraa torbeesso'ootii fi jalqaba jaarraa jayeesso'oo le'e. Ermiyaas tajaajila woggaa dheera'aa kana keessatti, sababa kolbaan waaqota dharaa waaqonfattee fi sababa cubbuu isaaniitiif badiin jadduun kolbaa Waaqaa akka dhaqqaddu ifi eeggachiise. Inni raaga hedduu dubbate keessaa ka asii gad jiranu bara le'ii ifii keessatti muummowanuun dhaggeera. Mootiin baabilonii Nebukadnezaar Yerusaalem qabatee, qacha'aa fi Galma Waaqaa akka diigu, mootiin Yihuda'aalle kolbaa bacaa woliin booji'amee gara Baabilonii akka fudhatamu Ermiyaas dhaggeera. Kolbaan Israa'elii boojuu irraa akka deebituu fi mootummaan Israa'elii adde'etti akka deebitu raageera. \ip Kitaab Ermiyaasii raagichaa addee afuritti qoodamuu dande'a. (1) Bara mootummaa Yosiyaasii, Yehoyaaqiimii, Yehoyaakiiniitii fi Zedeqiiya'aa, jecha Waaqaa ka gara kolbaa Yihuda'aatii fi bulchitoota isaanii dhufe. (2) Raaga adda addaa, waan jiruu Ermiyaasii irratti muummowee fi barreeffama yaadannoo Baarokii barreessaa Ermiyaasii irraa dhaggame. (3) Ergaa Waaqaa ta gosa biyya adda addaa ta ormaatiif dabarte. (4) Dabarsii marroo qabamiisa Yerusaalemiitii fi marroo kolbaa booji'antee gara Baabilonii fudhatantee. Ermiyaas nama guddoo kolbaa jaalatuu fi isaan irratti muraa badi'ii dabarsiisa nama akka malee jibbu. Akka inni raagaa te'ee tajaajiluuf, Waaqi waan isa waameef, inni waan itti rakkatee gadde kitaaba kana keessatti addee baca'atti dubbateera. Jechi Mootii Waan Maraa gadhaa isaa keessatti akka ibiddaa waan te'eef, dhossee hamburatiisa hin dandeenne. \ip Kitaaba kana keessatti dubbii raagaa gugurdoo barreeffante keessaa gariin, bara Ermiyaasii ka rakkoo itti bacatte irra dabartee, gondooroon haaretti Waaqi isaan woliin godhe yennaa muummottu ta mudhittu. Gondooroon haaretti gadhaa kolba'aa keessatti waan barreeffantuuf, barsiisaan isaan qaabachiisu adoo hin jiraatin hin eegatan (31:31-34). \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Waamamiisa Ermiyaasii\ior 1:1-19\ior* \io1 Waaqi Kolbaa Yihuda'aatii fi Israa'elii akka adabu\ior 2:1—25:38\ior* \io1 Ermiyaasii raagota dharaa morme \ior 26—29\ior* \io1 Waaqi kolbaa ifii gara lafa isaaniititti hin deebisa \ior 30—33\ior* \io1 Tajaajila Ermiyaasii ka adda addaa \ior 34—38\ior* \io1 Jinnana Yerusaalemiitii fi waan Yihudaa irratti te'e \ior 38—42\ior* \io1 Ermiyaas lafa Gibxi'ii keessatti \ior 43—44\ior* \io1 Ergaa Baarookiif ergante \ior 45\ior* \io1 Raaga raagichi kolbaa gosa biyya adda addaa irratti raage \ior 46—51\ior* \io1 Jinnana Yerusaalemii \ior 52\ior* \c 1 \p \v 1 Dubbiin Ermiyaasiin ilmi Hilqiiya'aa dubbate ta asii gad jirtu; abbaan isaa hayyoota lafa Beniyaaminii keessaa worra qachaa Anaatotii keessa jiranu keessaa tokko. \v 2 Ilmi Amoonii Yosiyaas mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa kudhanii sadeesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe. \v 3 Ammalle bara mootummaa Yehoyaaqiimii ilma Yosiyaasii mootii Yihuda'aatii, haga dhuma woggaa kudhanii tokkeessoo mootummaa Zedeqiiyaa ilma Yosiyaasiititti, wogguma san keessa haga ji'a shaneesso'oo ta kolbaan Yerusaalemii itti booji'antetti jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufe. \s1 Waamamiisa Ermiyaasii \p \v 4 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 5 «Ani gadhaa haadha teetii keessatti adoo si hin dadin si beeke; adoo ati hin dhalatin adda si baafadhee, gosa biyya adda addaatiif, raagaa akka teetu si filadhe» naan jedhe. \p \v 6 Anille deebisee, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa, ani ijoollee waan te'eef attam akka dubbadhu hin beeku» jedhe. \p \v 7 Mootii Waan Maraa ammoo anaan, «Gara ani si ergu mara dhaqiitii, waan ani si ajaju mara godhi malee, ‹Ani ijoolle'e› hin jedhin. \v 8 Ani si baasiisaaf si woliin waan jiruuf, isaan hin sodaatin» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa harka ifii diriirsee hidhii tiyya tuqee, anaan, «Kunoo ani jecha kiyya ka ati dubbattu afaan keeti keessa keyeera; \v 10 akka buqqituu fi akka diiddu, akka balleessituu fi akka garagalchitu, akka ijaartuu fi akka dhaaddu, gosa biyya adda addaatii fi mootota irratti si muudeera» jedhe. \s1 Ermiyaas Mudhii Lama Dhagge \p \v 11 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Ee, Ermiyaas! Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate. \p Anille deebisee, «Damee muka ‹Almond› jedhamuu dhaggiisatti jira» jedheen. \p \v 12 Mootiin Waan Maraalle, «Ee, sirri'itti dhaggiteerta; wonni ani jedhe haga muummottutti xiyyeeffadhee hin eega» jedhe. \p \v 13 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate. \p Anille deebisee, «Okkotee gara kaabaatii asi garagaltee danfitu takka dhagga» jedhe. \p \v 14 Mootiin Waan Maraalle anaan, «Gara kaabaatiin kolbaa lafa irra leetu mara irratti badiin hin dhutti» jedhe. \v 15 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo ani kolbaa mootummoota kaabaa keessa jirtu mara hin waama; moototi isaanii dhufanee, Yerusaalemii fi adaala dalleya isi'ii ka dhaka'aa mara, qachoota Yihuda'aa mara lolanee, barcumaa mootumma'aa ifii seensuma karra Yerusaalemii keessa hin keyatan. \v 16 Kolbaan tiyya na lakkittee waan hantuu hujjee, waaqota dhibi'iif hixaana aarsitee, waan harka ifiitiin hujje waan waaqonfataneef, ani isaanitti hin mura. \v 17 Ati ammoo ka'iitii hidha keeti hidhadhuu, waan ani si ajaju mara isaanitti himi. Ati isaaniif hin bararaqin; yoo bararaxxe, akka ati isaan duratti bararaxxu godha. \v 18 Ati lafa Yihuda'aa mara, mootota Yihuda'aa, bulchitoota isi'ii, hayyoota isi'iitii fi kolbaa lafa sanii mara akka injifattuuf, kunoo, ani adha akka qachaa dalleya dhaka'aa qabuu, akka utubaa sibiilaa, akka dalleya sageettu'uu si godheera. \v 19 Isaan si hin lolan, ani ammoo si baasiisaaf, si woliin waan jiruuf, isaan si hin injifatanu» jedhe. \c 2 \s1 Kolbaan Israa'elii Waaqa ifii Lakkitte \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Dhaqiitii qoonqoo teeti ol qabadhuu, kolbaa qachaa Yerusaalemiitiin, Mootiin Waan Maraa, ‹Addatamummaa teessan ta yennaa dargaggumma'aa, jaalala keessan ka akka waajibittiin dhirsa ifii jaalattuu, goomolee lafa sanyiin hin facaafanne keessatti attam akka na hordottane hin qaabadha. \b \q1 \v 3 «‹Kolbaan Israa'elii \q2 ana Mootii Waan Maraatiif woyyoonteerti; \q2 akka midhaan mata'aa ti; \q2 nama isaan miidhe maratti yakkaan muranteerti; \q2 badiille isa dhaqqaddeerti jedheera› jedhii himi» jedhe. \b \q1 \v 4 Ee, isin sanyii Yaaqoobii, \q2 firri sanyii Israa'elii marti \q2 jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! \p \v 5 Mootiin Waan Maraa, \q1 «Abbootiin teessan ta durii \q2 balleessaa maanii na irratti dhagganee, \q2 na irraa fagaatanee, \q2 waaqota dharaa ka gatii hin qanne waaqonfatanee, \q2 ifille'eef worra gatii hin qanne te'ane? \q1 \v 6 Isaan, ‹Waaqi biyya Gibxi'ii keessaa nu baasee, \q2 lafa goomolee keessa, \q2 lafa boboollittii keessaa fi gammoojjii keessa, \q2 lafa goddu'uu fi dukkana dimma keessa, \q2 lafa nami keessa hin ideennee fi \q2 lafa nami keessa hin leene keessa \q2 ka nu sooresse eessa jira?› jedhanee hin gaafanne. \q1 \v 7 Ani midhaan isi'iitii fi waan dansaa isiin baattu, \q2 akka isii irraa nyaattanuuf \q2 gara lafa laayyo'oo, isin fide; \q2 isin ammoo yennaa achi galtane lafa tiyya batteessitanee, \q2 lafa tiyya akka jibbatantu gootane. \q1 \v 8 Hayyooti, ‹Mootiin Waan Maraa eessa jira?› jedhanee hin gaafanne; \q2 barsiisoti seeraa na hin beenne; \q2 sooressitooti na irratti ka'ane; \q2 raagoti maqaa ba'aaliitiin raaganee, \q2 waaqota dharaa ka gatii hin qanne hordofane. \b \q1 \v 9 «Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa isiniin hin morma; \q2 ijoollee ijoollee teessaniitille'een hin morma. \q1 \v 10 Tanaan qara wonni akkasii yoo teetee jiraatte, \q2 gara lafa Qophiroosii ta dur, \q2 ‹Kiitiim› jedhantuu gamatti bu'a'aatii ilaala'a; \q2 gara lafa, ‹Qedaar› jedhantuulle nama erga'aatii qorqora'a. \q1 \v 11 Waaqota dharaa te'anulle, \q2 kolbaan waaqota ifii jijjiirte hin jirtu; \q2 kolbaan tiyya ammoo ana Waaqa ulfinna isaanii te'e \q2 waaqota dharaa ka gatii hin qannetti jijjiirte. \q1 \v 12 Ee ol-gubba'a, waan kana baaseffadhu; \q2 sodaa guddo'oon holladhu. \q1 \v 13 Kolbaan tiyya cubbuu lama hujjeerti; \q2 isaan ana madda bisaan jiru'uu lakkisanee, \q2 boolla urata qaddu ta bisaan itti hin eelle qotataneeran. \q1 \v 14 Israa'el garbichaa? Yookiin garba manatti dhalatee? \q2 Yoo akkas hin te'in maaf diinni isa saama ree? \q1 \v 15 Diinoti isa irratti akka neenqaa harqaneeran; \q2 lafa isaa balleessaneeran; \q2 qachooti isaa gubatanee, ona te'aneeran. \q1 \v 16 Worri qachaa Memfiisiitii fi qachaa Taahafeneesii \q2 rifeensa mataa keetii haadane. \q1 \v 17 Ee Israa'el, ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti \q2 ka karaa keeti si sooresse lakkittee, \q2 kana mara ifi irratti fiddee motii ree? \q1 \v 18 Bisaan laga Shiihorii uniisaaf gara \q2 biyya Gibxi'ii maaf dhaxxe? \q1 Bisaan laga Efraaxiisiille uniisaaf \q2 gara biyya Asoorii maaf dhaxxe? \q1 \v 19 Hammeenni keeti akka adabantu si hin godha; \q2 naaf addatamummaa dhabiis keeti \q2 akka xixantu si hin godha. \q2 Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti \q2 sodaatiisa waan lakkitteef, \q2 wonni hantuun hadhoottuun \q2 akka sitti dhuttu hubadhuu beeki! \b \q1 \v 20 «Ee Israa'el! Ani bara duriitii jalqabee \q2 waanjoo teeti si irraa caccassee, \q2 hidhaa teeti si irraa kukkuteera; \q2 ati ammoo, ‹Ani si hin tajaajilu!› jettee, \q2 kooba dheertuu gubba'aa fi muka banqaaqaa jalatti \q2 sagaagaliisaaf irkatteerta. \q1 \v 21 Ani akka muka woyni'ii filatamaa \q2 ka sanyiin isaa dansa'aa si dhaabeeyyu; \q2 ati attam akka muka woyni'ii badaa, \q2 ka baddaa keessaa teetee, \q2 na duraa jijjiirante ree? \q1 \v 22 Haraanja'aa fi saamunaa baca'aan dhiqattelle \q2 xuriin yakkaa teetii haga ammaa fuula kiyya dura jirti. \b \q1 \v 23 «Ati attam, ‹Ani hin battoonne, \q2 Ba'aalille hin hordonne› jetta ree? \q1 Dhooqa keessatti maan akka hujje yaadadhu; \q2 waan achi keessatti goote hubadhu. \q1 Ati akka gaala dhala'aa \q2 ka raragatee asii fi achi fiiguu ti. \q1 \v 24 Ati akka harree diidaa ta goomolee keessa le'iisa baratte, \q2 ta yennaa rarragatte qilleensa suuttuu ti; \q2 rarragata isi'ii eentu qabbaneessuu dande'a? \q2 Ji'a isiin rarragatte san korommiin isii barbaadu, \q2 rakkinna malee isii laddatan\f + \fr 2:24 \fr*\fqa Laddatan: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa Doogaman\fqa*\ft jedhan.\ft*\f*. \q1 \v 25 Ati haga kopheen miila keeti irraa dhumattutti, \q2 haga dheebottee laagadaan si gogutti hin rukkisin; \q2 ati ammoo, ‹Na dhooggiis keeti gatii hin qabu; \q2 ani waaqota ormaa jaaladheera; \q2 ani isaan hordofa› jette. \q1 \v 26 Hattuun yennaa qabante akkuma qaanottu, \q2 kolbaan Israa'elii, moototi isi'ii, \q2 qondaaltoti isi'ii, \q2 hayyootii isi'iitii fi \q2 raagoti isi'ii marti hin qaanowan. \q1 \v 27 Isaan mukaan, ‹Ati abbaa keenna›, \q2 dhakaa waaqota dharaatiin, ‹Sittuu nu deye› jedhan. \q1 Isaan dudda ifii gara kiyya deebisane malee, \q2 fuula ifii gara kiyya hin deebinne. \q1 Yennaa rakkinnaa ammoo, \q2 ‹Koyii nu fayyisi› jedhan. \q1 \v 28 Ee worra Yihuda'aa, \q2 waaqoti dharaa ka isin hujattane meeti ree? \q1 Isaan yennaa rakkinna keessanii yoo isin fayyisanu teete, \q2 dhufanee isin fayyisanuu ti. \q1 Akkuma qachaan keessan baca'aa, \q2 waaqoti keessanille baca'a. \q1 \v 29 Isin martinuu, na irratti kaataneertan; \q2 maaf na komattan ree? \q1 \v 30 Ani akkasumaan kolbaa teessan adabe malee, \q2 isaan ifi hin sirreessine. \q1 Akka neenqa beelowee \q2 shallaagaa keessaniin raagota teessan fixxane. \b \p \v 31 «Isin dhalooti bara kanaa, \q2 jecha Mootii Waan Maraa hubadha'a! \b \q1 «Ani Israa'eliif goomolee \q2 yookiin lafa dukkana dimmaa te'ee ree? \q1 Kolbaan tiyya maaf, ‹Nuuti waan feene goona, \q2 haganaa achi gara keeti hin deebinu› jetti? \q1 \v 32 Durri seesa ifii \q2 yookiin waajibittiin woyaa ifii \q2 ta waajibumma'aa hin deetii ree? \q1 Kolbaan tiyya ammoo \q2 bara bacaa na deeteerti. \b \q1 \v 33 «Ati worra si jaalatu gula deemiisaaf \q2 attam qaroomatte? \q2 Dubartooti akka malee hantu'uutuu \q2 waan kana si irraa baratan. \q1 \v 34 Dhiigi worra hiyyeeyyii yakkaa hin qannee, \q2 ka hanna irratti hin qabaminii \q2 woyaa teetii irratti dhaggama; \q2 kana mara gooteelle, \q2 \v 35 ‹Ani yakkaa hin qabu; \q2 dhugumaan Mootiin Waan Maraa natti hin aaru› jetta. \q1 Sababa ati, ‹Ani cubbuu hujee hin jiru› jetteef, \q2 ani si'itti hin mura. \q1 \v 36 Ati maaf karaa keeti jijjiiratta? \q2 Akkuma worri Asoorii si qaanesse, \q2 akkasuma worri Gibxi'iille si hin qaanessa. \q1 \v 37 Worra ati itti addatte Mootiin Waan Maraa waan tuffateef, \q2 isaanille si qarqaaruu waan hin dandeenneef, \q2 ati mataa qabattee, achii keessaa hin baata» jedha. \c 3 \s1 Addatamummaa Dhaba Israa'elii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Nami tokko niitii ifii yoo lakkise, isiille isa lakkittee nama dhibii yoo heerumte, deebi'ee isii galfatiisa dande'aa ree? Latti ijjumaa hin battoottuu ree? Ati worra si jaalatu woliin sagaagalteerta; amma ammoo gara kiyya deebi'uu barbaaddaa ree? \v 2 Qaccee koobota goddu'uu ol ilaali! Addeen ati irratti hin sagaagalle jirtii? Akkuma worri Arabaa lafa goomole'ee keessatti nama saamiisaaf eegatu, akkasuma atille karaa keessa teettee worra si jaalatu eegatte. Sagaagalumma'aa fi hammeenna keetiin lafa batteessite. \v 3 Tanaaf tiifuun dhabantee, bokkeenni hageyyaalle bade. Ati ammalle amala sagaagalumma'aa waan qadduuf, qaanii dhaddeerta. \p \v 4 «Ammalle ati na waamaa, ‹Abbaa kiyya, bara ijoollummaa tiyyaatiin jalqaddee jaala ka naa teete, \v 5 ati yennaa mara aartaa? Aariin teeti haga bara baraatii?› jedhaa, ammoo hammeenna hujuu dandeettu mara hujja» jedhe. \s1 Israa'elii Fi Yihudaan Cubbuu Irraa Akka Deebi'anu Waamamane \p \v 6 Bara Yosiyaas mootii te'eeru Mootiin Waan Maraa anaan, «Israa'eliin addatamummaa hin qanne waan hujje dhaggitee? Isiin kooba dheertuu gubba'aa fi muka banqaaqaa mara jalatti sagaagalteerti. \v 7 Tana mara gooteen duuba gara kiyya hin deebiti seyeeyyu; isiin ammoo hin deebine; obboleettiin isi'ii Yihudaan ta hin addatannelle tana dhaggiteerti. \v 8 Ani Israa'elii dhugeeffannaa hin qanneef, sababa gaarayyeeffata isi'ii maraaf woraqata lakkeessaa kenneefii ari'e; te'uu malee obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne, tana dhaggitee akka hin sodaanne ani dhagge; isiille baatee sagaagalte. \v 9 Isiin sagaagalummaa ifiitiin lafa batteessitee, dhaka'aa fi muka waaqonfatte. \v 10 Tun marti teetee, obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne soddee gara kiyya waan deebite fakkaatte malee, gadhaa tokkochaan gara kiyya hin deebine» jedhe. \p \v 11 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Yihudaa addatamummaa hin qanne caalaa Israa'elii dhugeeffannaa hin qannetti balcha'a. \v 12 Dhaqiitii ergaa tana worra gara kaabaatitti lallabiitii, ‹Ee Israa'elii addatamummaa hin qanne gara kiyya deebi'i; ani mararaa waan te'eef haganaa achi ila aari'iitiin si hin ilaalu; haga bara baraa sitti hin aaru. \v 13 Ati ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti finqiltee, naaf ajajamiisa dhabiisaan muka banqaaqaa mara jalatti, ulfinna keeti waaqota ormaatiif waan kenniteef, yakkuma teeti callaa beeki› jedhi. \p \v 14 «Ee kolbaa addatamummaa hin qanne, ani abbaa manaa keessan waan te'eef, gara kiyya deebia'a'a! Ani isin keessaa qachaa tokko tokko keessaa nama tokko tokko, fira tokko tokko keessaa nama lama lama filee, gara Xiyoonii hin fida. \v 15 Ani tissitoota worra akka gadhaa kiyyaa isiniif hin kenna; isaanille beekkumsaa fi hubanti'iin isin hin sooressan. \v 16 Bara san yennaa laakkossi keessan lafa irratti bacatu, namooti, ‹Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa› jedhanee hin waamanu yookiin hin qalbeeffatanu yookiin hin qaabatanu; Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ka dhibiille hin hujanu. \v 17 Yennaa san isaan Yerusaalemiin, ‹Barcumaa mootummaa Mootii Waan Maraa› hin jedhan; gosi biyya adda addaa marti ulfinna naa kenniisaaf Yerusaalem keessatti wolitti hin qabanti. Achiin duuba isaan mataa jabinnaan fedhii hantuu gadhaa ifii hin hordofanu. \v 18 Bara san sanyiin Yihuda'aatii fi sanyiin Israa'elii lafa kaabaa ta itti booji'amane irraa wolitti deebi'anee, gara lafa ani abbootii isaaniitiif kennee hin dhufan. \s1 Kolbaan Waaqaa Waaqa Dharaa Waaqonfatte \p \v 19 «Ani Mootiin Waan Maraa lafa gammachiittu, lafa kolbaa biyya dhibi'ii mara caalaa dansa'aa, si'iif kenniisaaf, \q2 akka ilmaan tiyyaatitti attam attam sitti gammada. \q1 Ati, ‹Abbaa kiyya› jettee na hin waanta; \q2 ‹Na hordofiisa irralle'ee hin deebitu› jedhee yaadadheeraayyu. \q1 \v 20 Ee sanyii Israa'elii, isin ammoo \q2 akka niitii dhirsa ifiitiif hin addatannee, \q2 isinille naaf hin addatanne» jedhe. \b \q1 \v 21 Kolbaan Israa'elii, \q2 Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deetee, \q2 karaa cubbu'uu waan hordotteef, \q2 iyyi bowiisaatii fi daadimata isaanii \q2 qaccee koobota goddu'uu irraa hin dhage'anti. \q1 \v 22 Isin kolbaan addatamummaa hin qanne, \q2 addatamumma'aan gara isaa deebi'a'a! \q2 Inni adde'etti isin deebisee, \q2 worra addatamaa isin hin godha. \p Isinille, «Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan te'eef, gara isaa hin deebina. \v 23 Koobotaa fi gaarota irratti waaqota dharaa waaqonfatiis gowwumma'a; dhugumaan Israa'el Mootii Waan Maraa Waaqa keennaan fayyiti. \v 24 Bara ijoollummaa teennaatii jalqabanee waaqoti salphiyyeen sun eloo abbootii teennaa, hoolee isaanii, horii isaanii, ilmaan isaaniitii fi durra isaanii mara nyaatane. \v 25 Nuutii fi abbootiin teenna ijoollummaa teennaa jalqannee, haga adhaatitti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuu hunyee, isaafille waan hin ajajaminiif, qaani'iin gad jinnee, salphinna akka woya'aa uffannuu ti» jettaneertan. \c 4 \s1 Waamicha Cubbuu Irraa Deebi'iisaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, yoo deebi'uu barbaaddane, gara kiyya deebi'a'a; waaqota dharaa keessan battii san ila tiyya duraa balleessitanee, worra addatamaa yoo naaf teetane, \v 2 dhuga'aan, haqaa fi balchumma'aan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee› jettanee yoo kakattane, gosi biyya adda addaa isaan hin eebbifanti; ulfinnalle isaan hin dhaggatti» jedha. \p \v 3 Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'eliitiin, «Lafa hin qotamin qota'a; odduu qore'eetitti hin facaasina'a. \v 4 Isin kolbaan Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu, ana Mootii Waan Maraa keessaniif adda ifi baasa'a; yoo diddane sababa hujii hantuu teessaniitiif aariin tiyya akka ibiddaa bobeettee isin hin fixxi; ka isii dhaanfu hin jiru. \b \q1 \v 5 «Lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessatti \q2 tultullaa afuufaa, \q2 qoonqoo teessan ol qabadha'aatii, ‹Wolitti qabama'a! Gara \q2 qachoota dalleya dhaka'aa qabuu baqannuu ti!› jedha'a. \q1 \v 6 Ani gara kaabaa irraa bala'aa fi badii guddoo waan fiduuf, \q2 baandiraa qabadha'aatii, \q2 adoo hin turin gara Xiyoonii baqadha'a. \q1 \v 7 Ka gosa biyya adda addaa balleessu \q2 akka neenqa gongomaa keessaa bayuu, \q2 lafa teessan balleessiisaaf, \q2 qachoota keessan diigee, \q2 nami tokkolle akka keessa hin jiraanne godhiisaaf, \q2 addee ifii irraa karaa irratti bayeera» jedha. \q1 \v 8 Maarre mufiin Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeettu, \q2 waan nu irraa hin deebi'iniif, \q2 woyaa gaddaa uffadha'aatii, wiiccifadha'aatii bowa'a. \p \v 9 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san mootichii fi qondaaltoti isaa addii hin kutatan; hayyooti hin sheephitti; raagotille hin rifatti» jedhe. \p \v 10 Achiin duuba ani, «Maaloo, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dandeettu, shallaagaan adoo morma keenna irratti aggatamee jiruu, ati ‹Nageenni isiniif hin te'a› jedhaa kolbaa tanaa fi Yerusaalemii attam attam sodde ree!» jedheen. \v 11 Mootiin Waan Maraa, «Yennaa san kolbaa tanaa fi Yerusaalem irratti, qilleensi gubu qaccee koobota goddu'uu irraa gara kolbaa tiyyaa hin dhowa; qilleensi sun ammoo midhaan hafarsiisaaf yookiin qulleessiisaafii moti. \v 12 Ani isaanitti waan muruuf, qilleensi akka malee jaba'aa ajaja kiyyaan ergamee hin dhufa» jedhe. \v 13 Yennaa san ani, «Kunoo, diinni akka duumensaa, garreettaan isaanii ka fardaan harkifamu akka hobonbolatti'ii dhufan; fardooleen isaanii risaa caalaa xinnixxi; banne, aanne'e nu'uuf. \v 14 Ee Yerusaalem, akka fayyittuuf, hammeenna gadhaa keeti keessaa dhiqadhuu baasi; haga yoomii hammeenni si keessa jiraata? \v 15 Qachaa Daanii keessaa qoonqoon hin dhage'anti; koobota Efreemii irralle'ee badiin hin lallabanti. \v 16 Waan kana gosa biyya adda addaatitti hima'a; Yerusaalemille'etti lassa'aatii, ‹Loltooti si marsitu biyya fago'oo irraa hin dhufan; qachoota Yihuda'aa loliisaaf, itti hin caancaan. \v 17 Yerusaalem na irratti waan kaateef, akka namooti fichaa eegatanu, diinoti Yerusaalem hin marsan› jedha'a» jedhe. \p \v 18 Ee Yihuda'a, ideensi keetii fi hujiin teeti tana si'itti fidde; tun adabama keeti; adabamiis keeti kun attam attam hadhowa'a; gadhaa keeti keessa dhaqqabeera. \q1 \v 19 Hoola farra tiyya! Hoola farra tiyya! \q2 Ani dhibe'een gugguufe. \q1 Hoola laalaa gadhaa kiyyaa! \q2 Ani qoonqoo tultulla'aatii fi iyya lolaa waan dhage'eef, \q2 gadhaan kiyya na dhowata; ani ossuu hin dande'u. \p \v 20 Badiin badii irratti dhutteerti; latti duudiin onteerti; dunkaaniin tiyyaa fi gollaan kiyya dedhuma badaneeran. \v 21 Ani haga yoomii baandiraa lolaa ilaala? \q2 Haga yoomii qoonqoo tultulla'aalle dhage'a? \q1 \v 22 Kolbaan tiyya gowwaa waan teeteef, \q2 na hin beettu. \q1 Isaan ijoollee woy hin baane, \q2 ta hubantii hin qanne. \q1 Isaan waan hantuu hujiisaaf ogeeyyi'i; \q2 ammoo waan dansaa attam akka hujanu hin beekanu. \q1 \v 23 Ani lafa ilaale; kunoo isiin akka hin qaddu; duwwaalle'e. \q2 Ol gubbaalle ilaale; ifille irra hin jiru. \q1 \v 24 Ani gaarota ilaale; kunoo, isaan tacho'iisatti jiran; \q2 koobotille martinuu raafamiisatti jiraniiyyu. \q1 \v 25 Ani ilaale; kolbaan achi hin jirtu; \q2 sinbirreen marti kaatee baddeerti. \q1 \v 26 Ani ilaale; latti midhaan baachu goomolee teete; \q2 aarii jadduu Mootii Waan Maraatiin \q2 qachooti martinuu Mootii Waan Maraa duratti diigameera. \p \v 27 Mootiin Waan Maraa, \q1 «Latti marti ona hin teeti; \q2 te'uu malee, ani ijjumaa hin balleessu. \q1 \v 28 Ani waan dubbadheef, \q2 yaada kiyyalle waan hin jijjiireef, \q2 ani murteeffadhee duubatti waan hin deebineef, \q2 latti hin bootti; \q2 ol-gubbaalle hin dukkanootti» jedha. \q1 \v 29 Hogaa abbootii fardo'ootii fi worra guube'een loluutiin \q2 nami qachaa keessaa marti hin baqata. \q1 Gariin gongomaa keessa hin seenan; \q2 gariin rassaa hin yaaban. \q1 Qachooti martinuu duwwaa hin hafan. \q2 Nami tokkolle keessa hin le'u. \q1 \v 30 Isin kolbaa baddane, \q2 maan hujiisatti jirtan? \q1 Woyaa diintuu uffattanee, \q2 seesa worqi'iille naqattanee, \q2 ila teessan maaf kuula dibatane ree? \q1 Isin akkasuma ifi seefattane malee, \q2 worri dur isin jaalatu, \q2 isin tuffateera; \q2 isaan isin ijjeesiisaaf barbaadan. \q1 \v 31 Ani aadiisa akka dubartii ciniinsifattuu, \q2 ta finna qaraa deettuu takka dhage'e. \q1 Tunille iyya kolbaa Xiyoonii \q2 ta harka ifii diriirsitee, \q2 «Aanne'e! Nuuti gagganne! \q2 Harka worra nu ijjeesuutitti dabarfannee kennanne» jettu. \c 5 \s1 Cubbuu Yerusaalemii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Karaa Yerusaalemii irra olii fi gad ideema'a; \q2 adaala isi'ii ilaala'aatii hubadha'a \q2 badhinna isi'ii keessa barbaada'a. \q1 Nama haqa huju fi \q2 nama dhugaa barbaadu tokko yoo dhaggitane \q2 ani qachaa kanaaf hin araarama. \q1 \v 2 Kolbaan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa \q2 ka jiraataa te'ee› jettulle, \q2 dharaan kakatti» jedha. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa! Ilti teeti dhugaa hin dhaggituu ree? \q2 Ati isaan dhootte; isaan ammoo hin dhukkuffanne. \q2 Ati isaan butuchite; isaan ammoo ifi sirreessuu didane. \q1 Isaan dhakaa caalaa mata-jabeeyyii te'anee, cubbuu ifii irraa deebi'uu didane. \q1 \v 4 Achiin duuba ani, «Worri kun karaa Mootii Waan Maraa, \q2 seerata Waaqa ifiille waan hin beenneef, \q2 isaan worra hiyyeeyyi'i; \q2 gowwootalle'e» jedhee yaade. \q1 \v 5 Maarre ani gara sooreyyii Yihuda'aa dhaqee, \q2 isaanitti hin dubbadha; \q2 isaan dhugumaan karaa Mootii Waan Maraa, \q2 seerata Waaqa ifiille hin beekan. \q1 Te'uu malee, isaan martinuu \q2 baallii Mootii Waan Maraa jalaa bayanee, \q2 isaaf ajajamiisa didaneeran. \q1 \v 6 Tanaaf, Yakkaan isaanii guddoo waan teeteef, \q2 Waaqaaf addatamummaa dhabiis isaanii waan heddatteef, \q2 neenqi gongomaa keessaa bayee isaan hin ijjeesa; \q2 yayyiin goomolee keessaa isaan hin kukkutti; \q2 qeeransille nama gad bayu mara kukkutiisaaf, \q2 adaala qachaa isaaniititti isaan hin gaada. \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa, «Ijoolleen teessan na lakkittee, \q2 waaqota dharaatiin waan kakatteef, \q2 ani attam yakkaa teessan isiniif araarama ree? \q1 Ani nyaachisee yennaa isaan quusse, \q2 isaan ammoo sagaagalane; \q2 mana sagaagaltootaatitti qonfoodane\f + \fr 5:7 \fr*\fqa Qonfoodane: \fqa*\fqa Wolitti qabamane. \fqa*\f*. \q1 \v 8 Akka farda korma falanee, gaanaaf rarragatuu te'ane. \q2 Tokko tokkoon isaanii niitii jaala ifii fari'atan. \q1 \v 9 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree? \q2 Kolbaa waan akkanaa hujju haluu hin bayuu ree? \q1 \v 10 Gara muka woyni'ii ka kolbaa tiyyaa ol baya'aatii balleessa'a! \q1 Ammoo ijjumaa hin balleessina'a; \q2 dameeleen isaa tiyya waan hin te'iniif \q2 irraa cira'a. \q1 \v 11 Kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa \q2 ijjumaa naaf hin addatanne» jedha. \p \v 12 Isaan Mootii Waan Maraa irratti dhara dubbatanee, «Inni womaa nu hin godhu; hantuulle nutti hin dhuttu; woraana yookiin beelalle ijjumaa hin dhagginu. \v 13 Raagoti akka qilleensaati malee, jechi Waaqaa isaan keessa hin jiru; wonni isaan dubbatanu isaanumatti garagaltuu ti!» jedhan. \v 14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara dande'u, «kolbaan jecha akkasii waan dubbatteef anaan, ‹Inni womaa nu hin godhu› waan jetteef, ani jecha kiyya afaan keeti keessatti akka ibiddaa, kolbaa tanalle akka qoraanii hin godha; ibiddille isaan hin fixa. \v 15 Ee kolbaa Israa'elii! Ani kolbaa isin irratti kaatu biyya fago'ootii hin fida; Kolbaan tun, kolbaa jaddu'uu fi kolbaa bara durii ta isin afaan isaanii hin beennee fi waan isaan dubbatanu hin hubanne. \v 16 Gonofaan daaya isaanii akka boolla awwaalaa ta banantee ti; marti isaanii loltoota jajjaba. \v 17 Isaan midhaanii fi sagalee teessan hin nyaatan; ilmaanii fi ijoollee durraa teessan hin ijjeesan; hoole'ee fi horii keessan, muka woyni'iitii fi muka harru'uu keessan nyaatanee hin fixan. Qachoota keessan ka dalleya dhaka'aa qabanu, ka isin itti addattane shallaaga'aan diiganee hin balleessan. \p \v 18 «Te'uu malee ani Mootiin Waan Maraa, guyyoota san kolbaa tiyya ijjumaa hin balleessu. \v 19 Kolbaan, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna waan akkasii kana mara maaf nu irratti godhe?› jedhanee yoo si gaafatane, ati isaaniin, ‹Akkuma isin na lakkittanee, lafuma teessan keessatti waaqota ormaa tajaajiltane, lafa teessan hin te'inille'etti orma hin tajaajiltan› isiniin jedha» jedhiin. \v 20 Mootiin Waan Maraa, «Dubbii asii gadii tana sanyii Yaaqoobiititti hima'a; kolbaa Yihuda'aatille'etti lassa'a: \v 21 Isin kolbaan gowwoole'ee fi hubantii hin qanne, tana dhage'a'a; isin ila qaddan ammoo hin dhaggitanu, gurralle qaddan ammoo hin dhageettanu, \v 22 isin na hin sodaattanuu ree? Na duratti hin hollattanuu ree? Meessaa abbaaya'aa akka te'uuf maansa ka keye ana; abbaayaan meessaa san irra haga bara baraa hin dabartu; danbaliin kaatulle isa irra hin dabartu; abbaayaan huursitelle isa irra hin qaxxaamurtu. \v 23 Kolbaan tun ammoo mata-jabeeyyi'ii fi ta na finqilte; isaan na irraa deebi'anee deemaneeran. \v 24 Isaan gadhaa ifii keessalle'etti, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqa keenna, ka bokkeya duraatii fi duubaa yennaa yennaa isaatitti nu'uuf kennu, midhaan yennaa isaatitti akka galfannu ka nu'uuf godhu kowaa sodaannaa› hin jedhanu. \v 25 Yakkaan teessan tana isin irraa hamburteerti; cubbuun teessanille waan dansaa isin dhassiitteerti. \p \v 26 «Worri hamaan ka akka nama sinbirree tiyyo'oon qabuu, dhokatee nama qabu odduu kolbaa tiyyaa jira. \v 27 Akkuma manni sinbirre'eef ijaarame sinbirre'een guutamu, manni isaanii waan isaan sobaan dhaggataneen guutameera; tanaaf isaan worra gugurda'aa fi dureeyyii te'aneeran. \v 28 Isaan gabbatanee cululuqaneeran; hammeennii isaanii haga hin qabu; ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef haqaan hin murre; mirga worra hiyyeessaatiifille hin falmine. \v 29 Ani Mootiin Waan Maraa, Waan akkasii kanaaf, isaan hin adabuu ree? Kolbaa akkasii tana ani haluu hin bayuu ree? \v 30 Wonni guddoo nama sodaachisuu fi bararassu lafa irratti te'eera. \v 31 Raagoti sobaan raaga dubbatti; hayyooti gorsa raagotaatiin bulchiti; kolbaan tiyyalle waan akkasii kana jaalatti; yennaa muummeen dhuttu ammoo isin maan gootan ree?» jedha. \c 6 \s1 Yerusaalem Diinaan Marfante \p \v 1 Ee kolbaa Beniyaamii, wonni hantu'uu fi badiin guddoon gara Kaabaatiin waan dhufaartuuf, Yerusaalem keessaa baya'aatii baqadha'a! Teqo'aa keessatti tultullaa afuufa'aatii Bet-Hakereem irratti beessisa lolaa ol kaasa'aatii mudhisa'a. \v 2 Qachaa Xiyoonii miidhaga'aa fi ka gammachiisu ani hin balleessa. \v 3 Akkuma tissitooti naannoo takka qubatanee horii ifii tiffatanu, moototi diinaa loltoota ifii woliin dhufanee, adaala isi'iititti dunkaanii ifii hin dhaabbatan. \v 4 Isaan, «Qachaa Yerusaalemii loliisaaf qophowa'a! Ka'a'a! Saafowaan lollaa! Latti waan dhiyaartuuf, gaaddiduulle dheerataa waan deemaa jirtuuf, aannee nu'uuf. \v 5 Maarre ka'a'a! Halkaniin lollee, kushee qachaa Yerusaalemii san diinna» jedhan. \p \v 6 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Qachaan Yerusaalemii ka cunqursiisaan guutame kun akka adabamuuf, mukoota mura'aatii naannessa'aatii kaabii itti ijaara'a. \v 7 Akkuma boolli bisaanii bisaan madditu, qachaan Yerusaalemiille madda hammeennaa ti; hunnaan nama irratti ka'iisii fi badiin achi keessatti hin dhage'anti; ani dhibe'ee fi madaa yennaa mara achii keessatti dhagga. \v 8 Ee Yerusaalem, ifi eeggadhu! Yoo hin te'in ani lafa teeti onsee nami tokkolle akka keessa hin leene hin godha» jedhe. \s1 Finqiliisa Israa'elii \p \v 9 Ammalle Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Akkuma woxoo midhaan woyni'ii qocanu, kolbaa Israa'elii keessaa worra hafe qoca'a. Akkuma nami midhaan woyni'ii damee irraa qocu, harka keessan diriirsa'aatii ammalle worra hafe qoca'a» anaan jedhe. \p \v 10 Anille deebisee, «Ani eennutti dubbadha? Eennu ifi eeggachiisa? Eentu naa dhage'a? Gurri isaanii waan duudeef hin dhage'anu. Jecha Mootii Waan Maraatitti hin murgan; itti hin gammadanulle'e. \v 11 Aariin Mootiin Waan Maraa isaan irratti qabu na keessalle'etti bobe'aarti; ossiisalle hin dande'u» jedhe. \p Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ijoollee karaa irratti, dargaggoota wolitti qabamane irratti aarii tiyya dhangalaasi; abbaa manaatii fi haati manaa, worri dulloomee jaajjelle hin booji'aman. \v 12 Worra lafa kana keessa le'u yennaa adabu, manni isaanii, fichaan isaaniitii fi niitoti isaanii worra dhibi'iif dabarfamanee hin kennaman. \v 13 Nami isaanii gudda'aa fi diqqaan marti bu'aa sobaan dhaggatanuuf worra joljolu waan te'aneef, raagotii fi hayyooti isaanii marti nama hin soban. \v 14 Isaan madaa kolbaa tiyyaa akka kaso'oo ilaalanee, adoo nageenni hin jiraatin, ‹Nageya, Nageya› jedhan. \v 15 Isaan waan jibbisiisu waan hujaneef qaanowaneeranii ree? Waawwo'o ijjumaa hin qaanonne; isaan qaaniin maan akka teeteeyyuu hin beekanu. Tanaaf worra jigu woliin hin jigan; ani yennaa isaan adabulle hin salphatan» jedhe. \s1 Israa'el Karaa Waaqaa didde \p \v 16 Mootiin Waan Maraa, «Qaxxaamura kara'aa irra dhaabbadha'aatii ilaala'a; daandii durii, karaa dansaa gaafadha'aatii irra ideema'a; lubbuu teessaniifille foora hin dhaggatan» jedhe. \p Isin ammoo, «Nuuti isa irra hin ideennu» jettane. \v 17 Ani eeddota isiniif kennee, «Qoonqoo tultulla'aa dhage'a'a» jedhe; isin ammoo, «Hin dhageennu» jettane. \p \v 18 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Isin gosi biyya adda addaa dhage'a'a! Isin worri asitti wolitti qabantane, waan kolbaa Yihuda'aa irratti te'uuf jiru qalbeeffadha'a. \v 19 Ee, lafa dhage'i! Kolbaan tun jecha kiyya waan hin dhage'iniif, seera kiyyalle waan tuffatteef, gatii hujii isaaniitiif, badii isaan irratti hin fida. \v 20 Hixaanni biyya Sheeba'aatii dhufuu fi dakkarri biyya fago'ootii dhufu maan naaf godha? Ani kennansa gubamu ka isin dhikeessitanu hin fudhadhu; ciincaan isin dhikeessitanulle na hin gammachiisu. \v 21 Tanaaf ani kolbaa tana dura gufuu hin keya; abbooti'ii fi ilmaan gufuu sanii hin gufatan; olla'aa fi jaaloti hin badan» jedhe. \s1 Loltoota Gara Kaabaatiin Dhuttu \p \v 22 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, loltooti biyya gara kaabaa irraa dhufiisatti jirti; kolbaan guddoon biyya fago'oo lolaaf qophowiisatti jirti. \v 23 Isaan guube'ee fi eboo qabataneeran; isaan worra gadhi-jabeeyyi'ii fi worra marartii hin qanne. Fardoo ifiitiin yennaa gulufanu, hididdeettiin akka abbaayaa bulphittuu ti. Ee kolbaa Xiyoonii! Isaan isin loliisaaf qophowanee hin dhufan» jedha. \p \v 24 Kolbaan Yerusaalemii ammoo, «Nuuti oduu isaanii dhageennee, harki nu irraa bu'eera; gaddi guddaan nu qabatee akka dubartii ciniinsifattuu teeneerra. \v 25 Diinni keenna shallaagaa waan qabuuf, gara mara sodaan guddoolle waan jirtuuf, gara alaa hin bayina'a; yookiin karaa irra hin ideemina'a» jetti. \v 26 Ee kolbaa tiyya, diinni isin balleessu dedhuma waan dhufuuf, woyaa gaddaa uffadha'aatii daadhaa keessa gangaladha'a; akka nama ilma tokkochuma qabuuf laaleffattee bowuu, laaleffadha'aa bowa'a. \v 27 Mootiin Waan Maraa, «Ee Ermiyaas! Akka nama sibiila sibiilummaa isaa haga ilaaluu, karaa kolbaa tiyyaa hubattee akka haga ilaaltu, si godheera. \v 28 Isaan martinuu akka sageettu'uutii fi akka sibiila ciillayee mataa jabeeyyi'i; finqiltootalle'e. Isaan martinuu hami'iif asii fi achi deemaa, hujii hantuu hujan. \v 29 Irsaasa\f + \fr 6:29 \fr*\fqa Irsaasa: \fqa*\ft Gosa sibiilaa ti.\ft*\f* ibiddaan baqisiisanee qulleessiisaaf buufaa akka malee itti buufan; ammoo ciillaan irsaasa irraa hin ka'u; akkasuma worri hamooleen kolbaa tiyya keessaa hin dhabamanu. \v 30 Ani Mootiin Waan Maraa waan isaan tuffadheef, isaan ‹Meetii tuffatante› jedhamanee hin waamaman» jedha. \c 7 \s1 Ermiyaas Galma Waaqaa Keessatti Barsiise. \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru: \v 2 «Karra Galma Mootii Waan Maraa dura dhaabbadhuutii, ‹Mootii Waan Maraa waaqonfatiisaaf, karra tanaan worri seentanu kolbaan Yihuda'aa marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!› jedhii ergaa tana lallabi. \v 3 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii: Karaa keessanii fi hujii teessan haareffadha'a! Anille addee tana akka isin leetanu hin godha. \v 4 Dubbii dharaa dhugeeffattanee, ‹Kun Galma Mootii Waan Maraa ti! Kun Galma Mootii Waan Maraa ti! Kun Galma Mootii Waan Maraa ti!› hin jedhina'a. \p \v 5 «Karaa keessanii fi hujii teessan dhugumaan yoo haareffattane, wol woliif haqa yoo hujjane, \v 6 nama alaga'aa fi ijoollee abbaa hin qanne, haadha hiyyeessaalle yoo cunqursuu dhaddane, addee tanatti dhiiga nama yakkaa hin qannee yoo dhangalaasuu dhaddane, waaqota dhibii gula deemiisaan yoo ifi miidhu dhaddane, \v 7 ani lafa abbootii teessaniif haga bara baraa akka keessa le'anuuf kenne san keessa akka isin leetanu hin godha. \v 8 Isin ammoo dubbii dharaa ta bu'aa hin qanne dhugeeffattan. \v 9 Isin hin hattan; nama hin ijjeettan; hin gaarayyeeffattan; dharaan kakattan; Ba'aaliif hixaana aarsitan; waaqota dhibii ka hin beenne san gula deemaa, \v 10 addee maqaan kiyya itti waamamu, gara Galma kiyyaa dhuttanee, na dura dhaabbattanee, waan battii tana hujaa, ‹Wonni nu miidhu hin jiru› jettan. \v 11 Galmi kiyya ka maqaan kiyya itti waamamu, daggala hattu'uu isiniif te'eeraa? Kunoo, ani waan isin gootanu kana dhaggeera. \v 12 Amma addee qara maqaan kiyya akka itti waamamuuf filadhe gara qachaa Shiilo'oo dhaqa'aatii, sababa hammeenna kolbaa tiyya Israa'eliitiif waan ani godhe ilaala'a. \v 13 Isin waan kana mara adoo gootanuu, itti deddeebi'ee isinitti dubbadheera; isin ammoo na hin caqanne; yennaa ani isin waamelle na jalaa hin owwaanne. \v 14 Tanaaf waan qara qachaa Shiilo'oo godhe, ammalle addee maqaan kiyya itti waamamu, Galma isin itti dhugeeffattanu, addee isinii fi abbootii teessaniif kenne tana akkasuma hin godha. \v 15 Obboleeyyan teessan sanyii Efreemii mara fuula kiyya duraa akkuma ari'e, isinille fuula kiyya duraa hin ari'a.» \s1 Ajajamuu Dhabiisa Kolba'aa \p \v 16 «Ee Ermiyaas, ani waan si'iif hin dhageenneef, kolbaa tanaaf hin daadimatin; marroo isaaniitiif na woliin hin falmin yookiin waan tokkolle na hin gaafatin yookiin na hin daadimatin. \v 17 Qachoota Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti waan isaan hujiisatti jiranu, ati hin dhaggituu? \v 18 Ijoolleen qoraan cassiti; abbootiin ibidda gabbitti; waaqa dharaa ta, ‹Mootittii ol-gubba'aa› jedhantuuf daabboo bilcheesiisaaf, dubartooti bukoo bukeessiti; na aarsiisaaf waaqota dhibi'iif daadhii woyni'ii dhibaasan. \v 19 Ka isaan aarsanu anaa? Isaan ifuma miidhanee, fokkoo ifi irratti fidan. \v 20 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani aari'ii fi mufii tiyya addee tana irratti, namaa fi bineensota irratti, muka badda'aatii fi midhaan ficha'aa irratti hin dhangalaasa; isiin hin bobeetti; hin dhaantulle'e› jedha. \p \v 21 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Woreega ciinca'aa ciincaa dhibi'itti dabala'aatii, foon san ifiifuu nyaadha'a. \v 22 Ani abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baase, waan woreega ciinca'aatii fi ciincaa dhibi'ii womaa isaanitti hin dubbanne yookiin ajajalle isaaniif hin kennine. \v 23 Ammoo naaf ajajama'a! Anille Waaqa keessan isiniif hin te'a; isinille kolbaa tiyya hin teetan; akka isinii milkoottuuf, karaa ani isin ajaju mara deema'a!› jedhee isaan ajajeera. \v 24 Isaan ammoo mataa jabaatanee hammeenna gadhaa ifii gula deemane malee, na hin dhageenne yookiin hin caqanne. Isaan gara duubaa deemane malee, gara duraa hin deenne. \v 25 Bara abbootiin teessan biyya Gibxi'ii keessaa baateen jalqabee haga ammaa guyyuma guyya'aan, deddeebisee tajaajiltoota tiyya raagota gara keessan erge. \v 26 Kolbaan ammoo na hin dhageenne yookiin na hin caqanne. Mataa jabaatanee abbootii ifii ta durii caalaa hantuu hujane. \p \v 27 «Ati tana mara yennaa isaanitti hintu, isaan ammoo si hin caqasanu; yennaa ati isaan waantulle si jalaa hin owwaatanu. \v 28 Tanaaf, ati isaaniin, ‹Isin kolbaan tun ta Waaqa ifiitiif hin ajajanne yookiin ta gorsa isaalle hin fudhanne. Dhugaalle afaan keessan keessaa baddeerti. \v 29 Mootiin Waan Maraa dhaloota itti mufateeru kana tuffatee waan lakkiseef, rifeensa mataa keessanii haadadha'aatii ifi irraa gata'a; qaccee koobota goddu'uu irratti ol baya'aatii qoonqoo teessan ol qabadha'aatii faaruu awwaalaa faarsa'a. \s1 Dhooqa Qalmaa \p \v 30 « ‹Kolbaan Yihuda'aa fuula kiyya duratti waan hantuu hujjeerti. Isaan waaqa dharaa batticha, addee maqaan kiyya itti waamamu, Galma kiyya keessa keyanee, Galma kiyya batteesaneeran. \v 31 Waan ani isaan hin ajajin, ta ani qalbii tiyya keessaa hin qanne, ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta duraa ciincaa dhikeessiisaaf dhooqa ilma Hiinomii keessatti, addee waaqonfanna'aa ta «Toofet» jedhantu ijaarane. \v 32 Tanaaf, haga addeen dhabantutti, nama du'e Toofet keessatti waan awwaalanuuf, haganaa achi maqaan addee sanii, «Dhooqa itti qalamanu» jedhama malee, «Toofet» yookiin «Dhooqa ilma Hiinomii» barri hin jedhanne hin dhufa. \v 33 Reeffi kolbaa tanaa allaatti'ii fi bineensaaf sagalee hin te'a; nami reeffa san irraa isaan ari'u tokkolle hin jiraatu. \v 34 Latti waan ontuuf, ani qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessaa hin balleessa. \c 8 \p \v 1 «‹Mootiin Waan Maraa, «Yennaa san lafee moototaa fi qondaaltota Yihuda'aa, lafee hayyootaatii fi raagotaa, lafee kolbaa Yerusaalemiille boolla awwaalaa keessaa hin baasan. \v 2 Lafeen sun aduu, ji'aa fi urjoota ol-gubba'aa, worra dur jaalatane, worra dur tajaajilane, worra dur hordofane, worra dur gorsa irraa fudhatanee fi worra dur waaqonfatane mara duratti hin xeeraman malee wolitti hin qabamanu yookiin hin awwaalamanu; ammoo akka cego'oo lafatti hin gataman. \v 3 Kolbaa hantuu tana keessaa worri jiru'uun hafe marti addee ani isaan ari'e maratti jiruu irra du'a hin filatan» jedha. \s1 Adabbii Cubbuun Fidde \b \q1 \v 4 «‹Mootiin Waan Maraa: Nami yoo jige, \q2 deebi'ee hin ka'uu ree? \q2 Nami karaa irraa yoo gore, kara'atti hin deebi'uu ree? \q1 \v 5 Kolbaan tun maaf gara duubaa deebiti ree? \q2 Maaf Yerusaalem yennaa mara gara duubaa deebiti ree? \q1 Isaan soba jabeessanee qabataneeran; \q2 isaan deebi'iisa didaneeran. \q1 \v 6 Ani miidhassee isaan caqaseera; \q2 isaan ammoo waan sirrii te'e hin dubbatanu. \q1 Eennulle: Ani maan hujeera jedhee, \q2 hammeenna ifii irraa ka deebi'u hin jiru; \q2 akka farda lolaaf qophowe tokkoo \q2 tokko tokkoon isaanii karaa ifii fiigan. \q1 \v 7 Qongaanuu yennaa ifii beeka; \q2 Saphaliisi, risa'aa fi cuquliis \q2 yennaa itti godaananu hin beekan. \q2 Kolbaan tiyya ammoo seera kiyya hin beettu. \b \q1 \v 8 «‹Worri feenii sobaatiin barreessu eega jiraatee, \q2 isin: Seera Mootii Waan Maraa waan qannuuf, \q2 nuuti qaroole'e attam jedhuu dandeettan ree? \q1 \v 9 Worri qarooleen hin fokkifatan; hin salphatan; \q2 tiyyoolle'een hin qabaman. \q1 Jecha Mootii Waan Maraa eega lakkisanee \q2 qarummaa attamii qabaatan ree? \q1 \v 10 Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa \q2 niitota isaanii namoota dhibi'iif hin kenna. \q2 Fichaa isaaniille ormaaf hin kenna. \q1 Diqqaa irraa kaasee haga guddaa isaaniititti, \q2 marti isaanii bu'aa isaanii hin malleef joljolan; \q2 raagotii fi hayyooti akkasuma marti isaanii nama soban. \q1 \v 11 Madaa kolbaa tiyyaa akka waan salpha'aatitti laakkowanee, \q2 akka maltetti hin cidhoomanu. \q1 Nageenni adoo hin jiraatin: \q2 Nageya! Nageya! jedhan. \q1 \v 12 Waan battii yennaa hujanu fokkifataneeraniiyyuu? \q2 Waawwo'o ijjumaa hin fokkifanne; \q2 isaan attam akka salphatanu hin beekanu; \q1 Tanaaf worra jige oddu'utti hin jigan; \q2 yennaa ani isaan adabulle hin salphatan. \b \q1 \v 13 «‹Mootiin Waan Maraa: \q2 Ani waan isaan galfatanu mara hin balleessa; \q2 muka woyni'ii irra midhaan woyni'ii, \q2 muka harru'uu irra midhaan harru'uu hin jiraatu; \q2 koolli isaaniille hin qoora; \q2 wonni ani isaaniif kenne marti \q2 isaan irraa hin fudhatama› jedha» jedhe. \b \q1 \v 14 Kolbaan sun deebittee, «Nuuti Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa keenna duratti cubbuu waan hunyeef, \q2 inni bisaan hadhaa qabu nu obaasee akka bannu nu godheera; \q2 nuuti maaf as teenna ree? \q1 Wolitti qabannee gara qachaa dalleya dhaka'aa qabuu baqannee, \q2 achitti banuu ti. \q1 \v 15 Nuuti ‹Nageenni hin te'a› jennee addanne; \q2 ammoo wonni dansaan hin teene. \q1 ‹Yennaa fayyinnaatitti te'a› jennee addanne; \q2 ammoo bararaqatti te'e. \q1 \v 16 Fooqqisiisi fardoo diinotaa biyya Daanii irraa dhage'ame; \q2 yennaa isaan himimmisanu latti marti tachoote. \q1 Isaan lafaa fi waan isii keessa jiru mara \q2 qacha'aa fi worra isii keessa le'anu liqinsiisaaf dhufane» jetti. \b \q1 \v 17 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani dhudhuufaa hadhaa qabu \q2 ka worri xanoo xanu dhooggee hin dandeenne, \q2 odduu teessanitti hin erga; \q2 isaanille isin hin iddan» jedha. \s1 Ermiyaas Kolbaa Ifiitiif Gadde \b \q1 \v 18 Gaddi hamaan na dhaqqabeera; \q2 ani gaggabeera. \q1 \v 19 Iyya kolbaan tiyya biyya fago'oo irraa, \q2 «Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessa hin jiruu? \q1 Mootiin isi'ii achi keessa hin jiruu?» jettu dhage'i. \q2 Waaqi ammoo, «Isaan fakki'ii fi waaqota dharaa ka ormaa \q2 waaqonfatiisaan maaf na aarsan» jedha. \q1 \v 20 Kolbaan, «Yennaa midhaan galfatanu dabarte; \q2 bonni dhumate; nuuti rakkoo keessaa hin baane» jetti. \q1 \v 21 Kolbaan tiyya waan miidhanteef anille miidhameera; \q2 ani bowe, sodaadheelle bowe. \q1 \v 22 Giil'aad keessa qorsi dibatanu hin jiruu? \q2 Cidheessi achi hin jiruu? \q2 Madaan kolbaa tiyyaa maaf hin fayyine ree? \c 9 \q1 \v 1 Ani kolbaa tiyya ta qalanteef, \q2 Halkanii fi guyyaa akka bowuuf, \q2 mataan kiyya madda bisaanii \q2 ilti tiyyalle burqaa imimmaanii adoo teetee hin halcha! \q1 \v 2 Kolbaan tiyya gaarayyeeffattootaa fi \q2 gumii hin addatanne waan teeteef, \q2 ani isaan lakkisee, irraa fagaadhee deemee \q2 goomolee keessatti addee keessummooti bultu \q2 adoo qabaadhee hin fedha. \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa, «Isaan dhara dubbatiisaaf, \q2 akka guube'ee arraba ifii qopheeffatan; \q2 isaan lafa tana irratti hammeenna irratti \q2 hammeenna dabalatan malee, \q2 dhuga'atti hin jabaatanu; analle hin beekanu. \q1 \v 4 Nami marti sobaalessa, \q2 jaalli martille hamatticha waan te'eef, \q2 obboleessi obboleessa ifii irraa ifi eegatuu ti; \q2 jaallille jaala ifii hin addatin. \q1 \v 5 Jaalli jaala ifii hin soba; \q2 dhugaa ka dubbatu hin jiru. \q1 Isaan arraba ifii soba dubbatiisa barsiisaneeran; \q2 cubbuu hujiisaan ifi dadhassiisaneeran. \q1 \v 6 Ati soba odduu leeta; \q2 Isaan soba ifii irraa ka ka'e, \q2 na beekiisa didaneeran» jedha. \q1 \v 7 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, \q2 «Kunoo, ani akka sibiilaa baqisiisee, \q2 kolbaa tiyya haga hin ilaala; \q2 sababa cubbuu kolbaa tiyyaatiif, \q2 waan dhibii maan godhuu dande'a ree? \q1 \v 8 Arrabi isaanii akka daaya nama ijjeesuu ti; \q2 afaan isaaniille soba dubbata. \q1 Isaan nama maratti dubbii dansaa dubbatan; \q2 gadhaa ifii keessatti ammoo \q2 mala hamaa isaaniif dhowan. \q1 \v 9 Waan kanaaf ani isaan hin adabuu ree? \q2 Kolbaa akkanaa tana ani haluu hin bayuu ree?» jedha. \q1 \v 10 Gaarotii fi addeen horiin dheedu ontee, \q2 namille keessa waan hin ideenneef, \q2 madhi hori'ii achi keessa waan hin jirreef, \q2 allaatti'ii fi bineensoti achi keessaa waan baqataneef, \q2 ani wiiccifadhee isaaniif hin bowa. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa, «Yerusaalem tuulaa bututaa, \q2 addee jeedalti\f + \fr 9:11 \fr*\fqa Jeedalti: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa ukkullo \fqa*\ft jedhanti.\ft*\f* keessa leetu hin godha; \q2 qachoota Yihuda'aalle ona \q2 ka nami keessa hin leene hin godha» jedha. \p \v 12 Nami qaroon waan kana hubatuu dande'u eennu? Mootiin Waan Maraa itti mudhisee, nami waan kana himuu dande'u eennu? Latti maaf akka goomolee nami keessa hin deennee, ona teete ree? \p \v 13 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Seera ani isaaniif kenne lakkisanee, naaf waan hin ajajaminiif yookiin akka seera kiyyaatitti waan hin ideeminiif tun teete. \v 14 Isaan mata-jabeeyyii te'anee, akka fedhii ifii ideemiisaan akkuma abbootiin isaanii ta durii isaan barsiitte, waaqota dharaa Ba'aal waaqonfatane. \v 15 Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, kolbaa tana sagalee hadhoottuu hin nyaachisa; bisaan hadhaa qabu hin obaasa. \v 16 Ani gosa biyya adda addaa ta isaan yookiin ta abbootiin isaanii ta durii hin beenne oddu'utti isaan hin bittinneessa; haga isaan balleessutti shallaaga'aan isaan hin ari'a» jedha. \s1 Kolbaan Yerusaalemii Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Iyyite \p \v 17 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Amma, marroo waan kanaa yaadadha'a! Dubartoota faaruu awwaalaa faarsitu waansisa'a. Isaan keessaa worra boochisiisaan beekkamanetti erga'a. \v 18 Isaaniin, ‹Ila teenna keessaa imimmaan haga dhangalaatutti, gaara ila teennaa jalaa bisaan haga burqutti ariiti'iin kowa'aatii nu boochisa'a› jedha'a. \v 19 Qoonqoon bowichaa, ‹Nuuti ijjumaa banne! \q2 Nuuti ijjumaa salphanne! \q1 Manni keenna waan diigameef, \q2 lafa teenna lakkinnee deemuu qanna› ta jettu \q2 Xiyoon keessaa hin dhage'anti» jedha. \p \v 20 Ee, dubartoota Yihuda'aa, \q2 amma jecha Mootii Waan Maraa caqasa'a! \q2 Jecha afaan isaa keessaa bawu dhage'iisaaf, \q2 gurra keessan banadha'a. \q1 Ijoollee durraa teessan attam akka bowanu barsiisa'a; \q2 Faaruu awwaalaa wol barsiisa'a. \q1 \v 21 Duuti karaa fodda'aatiin ol yaaddee, \q2 gara kushee teennaa seenteerti; \q2 ijoollee teenna woldeennaa karaa irratti, \q2 dargaggootalle badhinnatti ijjeetteerti. \q1 \v 22 Isin kolbaa tanatti dubbadha'aatii, «Mootiin Waan Maraa, \q2 ‹Reeffi namaa akka cegoo diidatti gatanee, \q2 akka woxoo worra midhaan haamu irraa hattee, \q2 ka nami wolitti qabu hin jirree hin te'a› jedha» jedha'a. \p \v 23 Mootiin Waan Maraa, \q1 «Nami qaroon qarummaa ifiitiin, \q2 nami hunnaamessi hunna ifiitiin, \q2 nami dureessi durummaa ifiitiin ifi hin jajin. \q1 \v 24 Nami ifi jaju, \q2 ani Mootiin Waan Maraa lafa irratti jaalala bara baraa, \q2 haqaa fi balchummaa akka mudhisu hubatiisaa fi \q2 beekiisaan ifi jajuu ti; \q2 ani waan kanatti gammada» jedha. \p \v 25 Mootiin Waan Maraa, «Worra maqaa calla'aaf haqanqabaa qabate mara guyyaan adabu hin dhufa; \v 26 worra Gibxi'ii, worra Yihuda'aa, worra Edoomii, worra Amoonii, worra Mo'aabiitii fi worra rifeensa mataa ifii cinaa quxatu ka goomolee keessa le'u mara hin adaba; gosi biyya adda addaa tun marti haqanqabaa qabataneeran; te'uu malee, isaan martii fi kolbaan Israa'elii martinuu gadhaa tokkochaan haqanqabaa san hin qabanne» jedha. \c 10 \s1 Waaqota Dharaa Waaqonfatiisaa Fi Waaqonfannaa Dhuga'aa \p \v 1 Ee, kolbaa Israa'elii, waan Mootiin Waan Maraa isinitti dubbattu dhage'a'a! \v 2 Mootiin Waan Maraa, «Karaa gosa biyya adda addaa hin hordofina'a! \q2 Isaan beessisa gubba'aatiin hin bararaqin; \q2 isin waan kanaan hin bararaqina'a. \q1 \v 3 Aadaan kolbaa tanaa waan bu'aa hin qanne; \q2 isaan muka gongomaa keessaa muran; \q2 nami muka bocu uraa ifiitiin bifa itti baasa. \q1 \v 4 Meeti'ii fi worqi'iin gonfanee seesan; \q2 akka hin jinneef \q2 burrisaan mismaara itti dhowanee hin jabeessan. \q1 \v 5 Waaqoti isaanii akka waan bineensa sodaachisaaf, \q2 fichaa baaqula'aa keessa dhaabanee ti; \q2 waaqoti isaanii dubbatiisa hin dande'anu; \q2 ideemiisalle waan hin dandeenneef, \q2 namatti isaan ba'atee ideema. \q1 Isaan nama miidhiisa \q2 yookiin waan dansaa godhiisa waan hin dandeenneef, \q2 isaan hin sodaatina'a» jedha. \b \q1 \v 6 Ee Mootii Waan Maraa, ka akka keetii hin jiru; \q2 ati gudda'a; \q2 baalliin maqaa keetiille guddo'o. \q1 \v 7 Ee, mootii gosa biyya adda addaa, \q2 ka si hin sodaanne eennu? \q1 Qaroolee gosa biyya adda addaatii fi \q2 mootummoota isaanii mara keessaa, \q2 ka akka keetii waan hin jirreef, \q2 ulfinni si'iif male. \q1 \v 8 Isaan marti daallotaa fi gowwoota; \q2 isaan waaqota dharaa ka muka irraa bocame irraa baratan. \q1 \v 9 Waaqoti dharaa ka isaanii kun hujii harka namaa ti; \q2 isaan meetii qulqulluu biyya Tarshiishiitii dhuttuu fi \q2 worqii biyya Ufaaziitii dhuttu irraa hujamane; \q2 woyaan bifa cuquliisaatii fi dhiilleen isaan uffatanu marti \q2 hujii worra ogeeyyi'ii ti. \q1 \v 10 Mootiin Waan Maraa ammoo Waaqa dhuga'aa ti; \q2 inni Waaqa jiraata'a fi mootii bara baraa ti. \q1 Yennaa inni aaru latti hin tachooti; \q2 gosi biyya adda addaalle mufii isaa dura dhaabbatiisa hin dandeettu. \q1 \v 11 Isin, «Waaqoti dharaa ka ol-gubba'aa fi lafa hin dadin kun, \q2 ol-gubba'aan jala irraa, lafa irralle'ee \q2 hin badan» jedha'aatii isaanitti hima'a. \s1 Faaruu Waaqa Leellisiisaa \q1 \v 12 Waaqi hunna ifiitiin lafa dade; \q2 qarummaa ifiitille'een biyya lafaa hundeesse; \q2 hubantii ifiitille'een ol-gubbaa diriirse. \q1 \v 13 Yennaa inni qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu dhageessisu, \q2 bisaan ol-gubba'aa hin shookkisa; \q2 inni duumensi qaccee lafaa irraa akka ol ka'u hin godha; \q2 bokkeya keessa balaqqeettii hin buusa; \q2 qilleensalle mana kuusa'aa ka ifii keessa hin fida. \b \q1 \v 14 Isaan martinuu worra daalle'ee fi \q2 worra beekkumsa hin qanne; \q2 worri worqii baqisiisu marti \q2 waaqota dharaa ka hujane sanitti fokkifataneeran. \q1 Fakkiin isaan hujane ta dharaa ti; \q2 hafuuralle hin qaddu. \q1 \v 15 Isaan worra bu'aa hin qanne, meya murgo'oo ti; \q2 yennaa muraan isaanitti dhuttu hin badan. \q1 \v 16 Waaqi Yaaqoobii ammoo akka isaan kanaatii moti; \q2 waan mara ka dade isa waan te'eef, \q2 kolbaa Israa'eliille ka ifii godhatiisaaf filate; \q2 maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade. \s1 Badii Dhufu'uu Jirtu \p \v 17 Ee, isin worri marfantaneertanu, meya keessan ka lafa jiru wolitti qabadha'a. \v 18 Mootiin Waan Maraa, «Ani amma worra lafa tana keessa le'u, fugussee hin baasa; akka isaan booji'amanuuf rakkinna isaanitti hin fida» jedha. \q1 \v 19 Ani waan madoweef \q2 naaf aanne'e! \q1 Madaan tiyyalle ta hin fayyine. \q2 Ani ammoo, «Tun dhibee tiyya; \q2 anille ossatuu qaba» jedhe. \q1 \v 20 Dunkaaniin tiyya diiganteerti; \q2 wodaroon isi'ii marti ciccitteerti. \q1 Ijoolleen tiyya na lakkittee deenteerti; \q2 deebi'ee isaan hin dhaggu; \q2 nami dunkaanii tiyya naaf dhaabu, \q2 ka gollaa kiyyalle naaf diriirsu tokkolle hin hanne. \b \q1 \v 21 Tissitooti daallee waan teeteef, \q2 Mootii Waan Maraa irraa gorsa hin gaafattu; \q2 tanaaf isaaniif hin milkoonne; \q2 tiki isaanii marti bittinnoweera. \q1 \v 22 Caqasa'a! Oduun dhufiisatti jirti. \q2 Kunoo gara lafa kaabaatii hogaan guddaan hin dhufa. \q1 Hogaan sun qachoota Yihuda'aa onsee, \q2 addee jeedalti leetu hin godha. \s1 Daadimata Ermiyaasii \q1 \v 23 Ee Mootii Waan Maraa! \q2 Jiruun namaa tama isaa akka hin te'in ani hin beeka; \q2 nami ideensa ifii ifumaan qajeelchuu hin dande'u. \q1 \v 24 Ee Mootii Waan Maraa! Akka ani ijjumaa hin banne \q2 haqaan na adabi malee, \q2 aarii teetiin na hin adabin. \q1 \v 25 Gosi biyya adda addaa ta si hin beennee fi \q2 kolbaan maqaa keeti hin waammanne \q2 sanyii Yaaqoobii balleessiteerti. \q1 Isaan sanyii Yaaqoobii ijjumaa fixanee, \q2 lafa isaanii waan onsaneef, \q2 aarii teeti isaan irratti dhangalaasi. \c 11 \s1 Gondooroon Diigante \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru: \v 2 «Dubbii gondooroo tanaa dhage'iitii kolbaa Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'utti himi. \v 3 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Nami dubbii Gondooro'oo tanaaf hin ajajanne ka abaarame. \v 4 Ani abbootii teessan biyya Gibxi'ii ta akka addee sibiila itti baqsiisanuu keessaa yennaa baase, naaf ajajama'aatii, waan ani isin ajaje mara godha'a; tana yoo gootane kolbaa tiyya hin teetan; anille Waaqa keessan hin te'a. \v 5 Achiin duuba ani lafa aananii fi dammaa ta abbootii teessan duriitiif kenniisaaf waadaa gale, ta amma qabattaneertanu tana isiniif hin kenna› akka jedhe itti himi» jedhe. \p Anille deebisee, «Ameen, Mootii Waan Maraa» jedhe. \p \v 6 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Jecha kiyya kana mara qachoota Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii mara irratti lallabiitii, ‹Dubbii gondooroo tanaa dhage'a'aatii, waan isiin jettu godha'a› jedhi. \v 7 Ani abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baasee jalqabee haga adhaa, ‹Naaf ajajama'a› jedhee itti deddeebi'ee ifi eeggachiise. \v 8 Isaan ammoo mataa jabinna hammeenna gadhaa ifii hordofane malee, naaf hin ajajanne; dubbii tiyyalle hin dhageenne. Tanaaf dubbii gondooroo tanaa ta akka isaan muummessanuuf ajaje, waan didaneef, abaarsa Gondooro'oo mara itti fide» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalemii na irratti ka'iisaaf mala dhowiisatti jiran. \v 10 Isaan gara cubbuu abbootii ifii ta durii, ta dubbii tiyya dhage'uu diddee deebi'aneeran; waaqota dharaa tajaajiliisaaf gula deemane; kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa gondooroo ani abbootii isaanii ta durii woliin godhe diiganeeran. \v 11 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, ‹Ani badii isaan jalaa bayuu hin dandeenne isaan irratti hin fida; isaan gara kiyya yoo iyyanelle, ani isaaniif hin dhage'u. \v 12 Yennaa san kolbaan qachaa Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii gara waaqota hixaana aarsanuufii san dhaqanee hin iyyatan; waaqoti isaanii sun ammoo, yennaa rakkinni isaan irra gewu ijjumaa isaan qarqaaruu hin dande'anu. \v 13 Ee kolbaa Yihuda'aa! Akkuma qachaa hedduu qaddu, waaqota hedduu qadda; waaqa dharaa fokkisiisaa Ba'aaliif, addeen ciinca'aa ta hixaana itti aarsiisaaf ijaarte, akkuma karaa Yerusaalemii heddu'u› jedha. \v 14 Ee Ermiyaas, isaan rakkatanee gara kiyya yennaa iyyanu, ani isaaniif waan hin dhageenneef, ati kolbaa tanaaf hin daadimatin yookiin gara kiyya hin iyyin yookiin isaaniif na hin gaafatin. \p \v 15 «Isin kolbaan Yihuda'aa ta ani jaaladhu, worra hedduu woliin waan hantuu hujaa, Galma kiyya keessaa maan qaddan? Foon woyyichi ciinca'aaf dhikaatu, adabbii isin dhaqqaddu irraa isin hin hamburaa ree? Tana hujaa hin gammaddanii ree? \v 16 Mootiin Waan Maraa, ‹Muka ejersaa bisilee, ka midhaan dansaa qabu› jedhee isin waameeraayyu; amma ammoo hobonbolattii jadduu bubbittuun ibidda itti hin qassiisa; dameelee isaa mara hin caccassa. \p \v 17 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ka isin dhaabe, sababa isin kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa na aarsiisaaf Ba'aaliif hixaana aarsitanee, hantuu hujjaneef badii isin irratti hin fida» jedhe. \s1 Mala Ermiyaasitti dhowane \p \v 18 Mootiin Waan Maraa mala isaan na irratti dhowane, waan natti mudhiseef, ani waan isaan yennaa san hujiisatti jiranu beeke. \v 19 Ani akka hoolee gara qalmaa oofanuu te'eeraayyu; isaan, «Kowa'a, maqaan isaa akka hin qaabatanne, muka midhaan isaa woliin murree, lafa worra jiraata'aa irraa balleessina» jedhanee akka natti malane ani hin beenneeyyu. \p \v 20 Ee Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, ka gadha'aa fi qalbii namaa qorqortu, ka balchumma'aan murtu, ani haajaa kiyya sitti waan himadheef, haluu isaan irratti baatu na dhaggisiis. \p \v 21 Tanaaf worra Anaatotaa ka na ijjeesiisaaf barbaadanee, «Maqaa Mootii Waan Maraatiin raagaa yoo dubbatte si hin ijjeenna» anaan jedhanuun, \v 22 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani isaan hin adaba; dargaggooti isaanii shallaaga'aan, ilmaanii fi ijoolleen isaanii ta durraa beelaan hin du'an; \v 23 bara ani worra Anaatotaa adabiisaaf badii itti fidu, isaan keessaa baraareelle hin hattu» jedhe. \c 12 \s1 Gaaffii Ermiyaas Waaqa Gaafate \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 yennaa ani haajaa kiyya si duratti dhikeeffadhu, \q2 ati yennaa mara balcha'a; \q2 ani haajaa kiyya si dura dhikeeffadha; \q2 te'uu malee marroo muraa haqaa waan si gaafadhu qaba. \q1 Worri hamooleen maaf qananooman? \q2 Worri hin addatanne maaf milkowan? \q1 \v 2 Ati isaan dhaaddeerta; isaanille hidda yaafataneeran; \q2 isaan guddatanee midhaan buusaneeran; \q1 Isaan afaan ifiitiin ulfinna si'iif kennan; \q2 gadhaa ifiitiin ammoo si irraa fagoo jiran. \q1 \v 3 Ee Mootii Waan Maraa! Ati ammoo na hin beetta; \q2 na hin dhaggitalle'e; yaada ani si'iif qabu hin qorqorta. \q1 Worra hamoolee kana akka hoolee qalmaaf oofanuu, \q2 isaan harkisii baasiitii, \q2 guyyaa qalmaatiif adda baasi. \q1 \v 4 Latti haga yoomii goddi? \q2 Marri diida maraa haga yoomii qoora? \q1 Sababa worra hamoolee lafa san keessa le'uutiif, \q2 sababa isaan, \q2 «Waan nu irratti te'u kana Waaqi hin dhaggu» jedhaneef, \q2 bineensotii fi sinbirrooti dhumataneeran. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa deebisee, \q1 «Ee Ermiyaas, ati worra miilaan rukkisu woliin rukkittee, \q2 eega isaan si dadhassiisanee, \q2 abbootii fardaa woliin attam doggomuu dandeetta ree? \q1 Ati lafa qaaleyaatitti eega jiddee, \q2 Gongomaa Yordaanosii keessatti attam teeta ree? \q1 \v 6 Obboleeyyan teetii fi maatiin teetiiyyuu sitti malaneeran; \q2 isaan qoonqoo guddo'oon sitti iyyiisatti jiran; \q2 waan dansaa sitti dubbatanulle, isaan hin addatin. \s1 Mootiin Waan Maraa Kolbaa Ifiititti Gadde \q1 \v 7 Ani kolbaa tiyya Israa'el lakkiseera; \q2 kolbaa tiyya ta jaaladhu \q2 harka diinota isaaniititti dabarsee kenneera. \q1 \v 8 Kolbaan tiyya akka neenqa gongomaa keessaa \q2 natti teeteerti; \q2 isaan dhangaa natti dhowane; \q2 anille isaan jibbe. \q1 \v 9 Kolbaan tiyya akka sinbirree \q2 jajju'uun marfante teetee motii ree? \q1 Dhaqa'aatii bineensota mara wolitti qaba'a; \q2 isaan dhufanee kolbaa tiyya nyaatanuu ti. \q1 \v 10 Tissitooti hedduun fichaa muka woynii tiyyaa balleessiteerti. \q2 Fichaa kiyyalle irra sirbiteerti; \q2 fichaa kiyya ka na gammachiisu goomolee duwwaa godhaneeran. \q1 \v 11 Isaan fichaa san goomolee duwwaa waan godhaneef \q2 na duratti gogee oneera. \q1 Nami isi'iif haajamu waan hin jirreef, \q2 Latti duudiin goomolee teeteerti. \q1 \v 12 Shallaagaan Mootii Waan Maraa qaccee lafaa \q2 gara tokkoo kaasee, \q2 haga qaccee taaniititti waan balleessuuf, \q2 worri lafa balleessu \q2 koobota godduu mara hin qabatan; \q2 nami nageyaan hafu tokkolle hin jiru. \q1 \v 13 Isaan qamadii hin facaafatan; ammoo qoree haammatan. \q2 Isaan hin elowan; ammoo womaa hin dhaggatanu. \q1 Sababa aarii Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeetuutiif, \q2 midhaan isaan galfatanu waan badeef, \q2 hin qaanowan» jedhe. \s1 Mootiin Waan Maraa Olloota Israa'eliitiif Waadaa Gale \p \v 14 Mootiin Waan Maraa, «Olloota kiyya worra hamaa ka lafa ani kolbaa tiyya Israa'eliif kenne qabatanu mara, ani lafa isaanii irraa isaan hin buqqisa; kolbaa Yihuda'aalle odduu isaaniitii buqqisee hin baasa. \v 15 Isaan buqqiseen duuba ammoo deebi'ee isaaniif hin marara; tokko tokkoo isaanii gara lafa isaaniitii fi gara biyya isaaniititti isaan hin deebisa. \v 16 Isaan akka kolbaan tiyya itti leetu le'iisa akka dansaa yoo baratane, akkuma kolbaa tiyya maqaa Ba'aaliitiin kakatiisa barsiisane, amma ammoo deebi'anee kolbaa tiyya woliin, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa Ka jiraataa te'ee› jedhanee kakatiisa yoo baratane, isaan kolbaa tiyya odduu hin le'an. \v 17 Kolbaa na hin dhageenne ammoo ijjumaa buqqisee hin balleessa» jedha. \c 13 \s1 Hiituu Hidhaa Ta Quncee Talba'aa Irraa Hujante \p \v 1 Mootiin Waan Maraa natti dubbatee, «Dhaqii hiituu hidhaa ta quncee talba'aa irraa hujante bitadhuutii, hidha keeti hidhadhu; ammoo bisaan isii hin tuqin» jedhe. \v 2 Maarre akkuma Mootiin Waan Maraa na ajaje hiituu hidhaa bitadhee, hidha kiyya hidhadhe. \v 3 Jechi Mootii Waan Maraa ammalle gara kiyya dhufee, \v 4 «Hiituu hidhaa ta bitattee hidha keeti hidhatte san qabadhuutii gara laga Efraaxiisii dhaqi; achitti baqaqa rassa'aa keessatti dhossi» naan jedhe. \v 5 Maarre akkuma Mootii Waan Maraa na ajaje gara laga Efraaxiisii dhaqee, hiituu hidhaa san achitti dhosse. \p \v 6 Guyyaa heddu'uun duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Amma gara laga Efraaxiisii dhaqiitii, hiituu hidhaa ta achitti akka dhossituuf si ajaje san fidi» jedhe. \v 7 Maarre anille gara laga Efraaxiisii dhaqee, hiituu hidhaa san addee dhosse sanii qotee fuudhe; hiituun hidhaa sun ammoo gara badee waan bu'aa hin qanne teeteertiiyyu. \p \v 8 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 9 «Mootiin Waan Maraa, ‹Koora Yihuda'aatii fi koora guddaa Yerusaalemii akkasuma gara hin balleessa. \v 10 Kolbaan hantuun jecha kiyya caqasuu didde, ta mataa jabinnaan, waaqota dhibii tajaajiliisaaf, waaqonfatiisaafille hordottu tun, akkuma hiituu hidhaa ta gara baddee bu'aa hin qanne sanii hin te'an. \v 11 Akkuma hiituun hidha namaatitti maxxantu, kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa marti natti akka maxxananu, ulfinnaa fi galata maqaa kiyyaatiif, kolbaa tiyya akka te'anu godheeraayyu; isaan ammoo na hin caqanne› jedha» jedhe. \s1 Okkotee Daadhii Woyni'ii \p \v 12 Ammalle Mootiin Waan Maraa anaan, «Ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, okkoteen marti daadhii woyni'iitiin hin guutanti› jedhiin» jedhe; isaanille si'iin, «Okkoteen marti daadhii woyni'iitiin akka guutantu nuuti hin beennu seetaa?» yoo si'iin jedhane, \v 13 ati isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa lafa tana keessa leetu mara, mootota barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra teettu, hayyoota, raagota fi worra Yerusaalem keessa le'u mara hin macheessa. \v 14 Ani wol wolitti isaan buusee, abbooti'ii fi ilmaan wol wolitti buusee hin caccassa; ani yennaa isaan balleessu, isaaniif hin nawu yookiin hin mararu yookiin gadhaa isaaniif hin laafu› jedhiin» jedhe. \s1 Akka Kolbaan Hin Koorre Ermiyaas Ifi Eeggachiise \q1 \v 15 Mootiin Waan Maraa waan dubbateef, \q2 dhage'a'a; hin koorina'aatii, caqasa'a. \q1 \v 16 Adoo inni dukkana isinitti hin fidin, \q2 adoo gaara dukkanowe irratti miilli keessan hin gufatin, \q2 Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ulfinna kenna'a. \q1 Adoo isin ifa addii godhattanuu, \q2 inni ifa gara dukkanaatii fi \q2 gara dukkana dimmaatitti hin jijjiira. \q1 \v 17 Yoo isin hin caqasin ammoo \q2 sababa koora keessaniitiif ani dhossa'aan hin bowa; \q2 kolbaan Mootii Waan Maraa waan booji'anteef \q2 ani wiiccifadhee hin bowa; \q2 ilti tiyyalle imimmaan hin dhangalaatti. \p \v 18 Mootiin Waan Maraa natti dubbatee, «Mootichaa fi haadha mootichaatiin, ‹Kallachi ulfinna keessanii mataa keessan irraa waan bu'uuf, barcumaa mootumma'aa irraa gad bu'a'a› jedhi» jedhe. \v 19 Qachooti Yihuda'aa ka gara kibbaa\f + \fr 13:19 \fr*\fqa Yihudaa gara kibbaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Negeb jedha.\ft*\f* hin cufaman; ka isaan banulle hin jiru; kolbaan Yihuda'aa marti hin booji'anti; isaan duudiin hin fudhataman. \p \v 20 Ee Yerusaalem! Diinota keeti ka gara kaabaatiin dhufiisatti jiranu ol jedhii ilaali. Kolbaan sitti kennante, ta ati ittiin ifi jajju meet? \v 21 Worra ati jaala godhatte, Mootiin Waan Maraa si irratti yennaa mootonsu, ati maan jetta? Akka dubartii deettuu hin ciniinsifattuu ree? \v 22 Ati gadhaa keeti keessatti, «Tun maaf na irratti teete?» jettee yoo ifi gaafatte, sababa bacinna cubbuu teetiitiif, woyaa teeti si irraa shooqanee hunnaan si woliin rafane. \v 23 Nami Itoophiya'aa\f + \fr 13:23 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* bifa ifii yookiin qeeransi buburrummaa ifii jijjiiratuu dande'aa? Akkasuma isin worri hantuu hujuu barattane, waan dansaa hujuu hin dandeettanu. \v 24 Akka hicaaceen qilleensa goomole'eetiin bittinnoottu, ani isin hin bittinneessa. \v 25 Ee Yerusaalem! Mootiin Waan Maraa si'iin, «Ati na deetee waaqota dharaatitti waan addateef tun hiree teeti; qooda ani si'iif kenne. \v 26 Aninuu woyaa teeti fuula keetitti ol garagalchee akka ati qaanottu hin godha. \v 27 Ani hujii teeti battittii gaarayyeeffatiisa keetii, akka fardaa himimmisiisa keetii fi sagaagala keeti ka qaanii hin qanne dhaggeera. Ee Yerusaalem, si'iif aanne'e! Ati haga yoomii batumma'aan jiraatta?» jedha. \c 14 \s1 Oolaa Hamaa \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa ka marroo oola'aa dubbatu ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru: \v 2 «Kolbaan Yihuda'aa hin bootti; \q2 qachooti Yihuda'aalle gad deebi'an; \q2 kolbaan Yihuda'aa lafa irra teettee gadditi; \q2 Yerusaalem keessaa iyyi hin kaati. \q1 \v 3 Qondaaltoti isi'ii tajaajiltoota ifii bisaan hin ergiti; \q2 isaalle gara boolla bisaanii hin dhaqan; \q2 ammoo bisaan achitti hin dhagganu; \q2 isaan fokkifatanee, addii kutatanee, \q2 mataa hagooggatanee, \q2 okkotee duwwaa ba'atanee deebi'an. \q1 \v 4 Bokkeenni waan hin jirreef, \q2 latti babbaqaxxeerti; \q2 qonnaan bultooti fokkifatanee, \q2 mataa ifii hin hagooggatan. \q1 \v 5 Marri waan hin jirreef, \q2 gadansinuu akkuma dhaleen ilmee ifii lakkisee hin deema. \q1 \v 6 Harreeleen diidaa koobota godduu irra dhaabbattee, \q2 akka jeedalaa qilleensa dhaggatiisaaf harganan; \q2 marri waan hin jirreef \q2 ilti isaanii dhagguu dadhaddeerti» jedhe. \q1 \v 7 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 yakkaan teenna nu irratti dhugaa baatulle, \q2 ati maqaa keetiif jedhii nu qarqaar; \q2 si'iif addatamiisa dhabiis keenna waan heddatteef, \q2 nuuti si irratti cubbuu hunyeerra. \q1 \v 8 Ee addii Israa'elii, \q2 ka yennaa rakkinnaa isii fayyittu, \q2 ati maaniif lafa tanatti akka alaga'aa, \q2 akka nama karaa deemuu, \q2 ka halkan tokko callaa bulee taruu teete. \q1 \v 9 Ati maaf akka nama waan godhu wollaalee, \q2 akka lolticha jabaa nama qarqaariisaaf hunna dhabee teete. \q1 Ee Mootii Waan Maraa, ati nu odduu jirta; \q2 nuuti maqaa keeti hin waammanna, \q2 nu hin lakkisin. \p \v 10 Mootiin Waan Maraa marroo kolbaa tanaatiif, «Isaan asii fi achi joonjiisa jaalatan; miilli isaanii hin dhaabbatu; tanaaf ani isaanitti hin gammadu; amma ani yakkaa isaanii hin qaabadha; sababa cubbuu isaaniitiifille isaan hin adaba» jedha. \p \v 11 Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaa tanaaf wonni dansaan akka isaaniif teetu hin daadimatin. \v 12 Isaan laamanee daadimatanulle ani daadimata isaanii hin caqasu; woreega ciinca'aatii fi kennansa isaanii ka midhaanii, ani hin fudhadhu; ammoo ani shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin balleessa» jedhe. \v 13 Achiin duuba ani, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa, raagoti isaaniin, ‹Isin shallaagaa yookiin beela hin dhaggitanu; addee tanatti Mootiin Waan Maraa nageya muummee hin qanne isiniif hin kenna› jedhiisatti jiran» jedhe. \p \v 14 Mootiin Waan Maraalle anaan, «Raagoti maqaa kiyyaan raaga sobaa raagiisatti jiran malee, ani isaan hin ergine yookiin isaan hin ajajne yookiin isaanitti hin dubbanne. Isaan mudhii dharaa, moruu dharaa, waaqota dharaa waaqonfataa soba gadhaa ifii keessaa isiniif raagan. \v 15 Tanaaf, raagota adoo ani isaan hin ergin maqaa kiyyaan raaga sobaa, ‹Beeltii fi shallaagaan lafa tanatti hin dhufanu› jettee raaddu, isaanuu beelaa fi shallaaga'aan hin badan. \v 16 Kolbaan isaan itti raaganu beelaa fi shallaaga'aan karaa Yerusaalemii irratti hin du'an; nami isaanii fi niitota isaanii, ilmaan isaaniitii fi ijoollee durraa ta isaanii awwaalu hin jiru. Sababa yakkaa isaaniitiif ani balaa isaan irratti hin dhangalaasa. \p \v 17 «Ati dubbii tana isaanitti dubbadhuutii, ‹Kolbaan tiyya madaa hantu'uun rakkatee, guddoo waan miidhanteertuuf, \q2 halkaniif guyyaa adoo wol irraa hin kutin, \q2 ilti tiyya imimmaan hin dhangalaatti. \q1 \v 18 Gara baadiyya'aa yoo baye, \q2 worra shallaaga'aan qalame dhagga; \q2 gara qacha'aa yoo seene, \q2 worra beelaan farru dhagga; \q2 raagotii fi hayyooti asii fi achi joonjaneeran; \q2 waan hujanulle hin beekanu› jedhi» jedhe. \q1 \v 19 Ee Mootii Waan Maraa! \q2 Ati kolbaa Yihuda'aa ijjumaa gattee? \q2 Ati Xiyoon hin tuffattee? \q1 Akka nuuti fayyuu hin dandeennetti \q2 ati maaf nu miite ree? \q1 Nuuti nageya addii godhannee \q2 ammoo waan dansaa hin dhagganne; \q2 Yennaa fayyinnaa eegannee \q2 ammoo bararaqiisaa calla'atti te'e. \q1 \v 20 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 nuuti si irratti cubbuu waan hunyeef, \q2 nuuti hammeenna keenna, \q2 yakkaa abbootii teenna ta duriille hubanneerra. \q1 \v 21 Maqaa keetii jedhiitii nu hin tuffatin; \q2 barcumaa mootumma'aa keeti ka ulfinnaa hin salphisin. \q1 Gondooroo nu woliin gondooratte \q2 qaabadhu malee hin diigin. \q1 \v 22 Waaqota dharaa \q2 ka gosa biyya adda addaa keessaa, \q2 ka bokkeya roobisiisuu dande'u jiraa ree? \q2 Ol-gubbaan ifumaan tiifuu gad kennitii ree? \q1 Waawwo'o! Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, \q2 tana ka godhu si'i. \q2 Tana mara ka godhu si waan te'eef, \q2 tanaaf, nuuti si'itti addanna. \c 15 \s1 Muraa Kolbaa Yihuda'aatitti Dhufu'uu Jirtu \p \v 1 Achiin duuba Mootii Waan Maraa anaan, «Muuse'ee fi Saamu'el yoo na dura dhaabbatanelle, ani kolbaa tanaaf hin mararu. Fuula kiyya duraa isaan ari'i! Deemanuu ti. \v 2 Isaan, ‹Nuuti eessa deenna› jedhanee yoo si gaafatane, akkuma ani Mootiin Waan Maraa sitti hime, \q1 « ‹Worri akka du'u itti murante, du'uu qaba; \q2 worri shallaaga'aan akka du'u itti murante, \q2 shallaaga'aan du'uu qaba; \q2 worri beelaan akka du'u itti murante, beelaan du'uu qaba; \q2 worri akka booji'amu itti murante, \q2 hin booji'ama› jedhiin. \p \v 3 «Ani waan isaan balleessu afur shallaagaan akka isaan ijjeesu, sareen reeffa isaanii akka harkittu, allaatti'ii fi bineensoti nyaatanee akka isaan balleessanu isaanitti hin erga. \v 4 Mootiin Yihuda'aa ilmi Hisqiyaasii minaaseen, Yerusaalem keessatti yakkaa waan hujeef, mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha. \q1 \v 5 «Ee Yerusaalem! \q2 Eentu si'iif marara? \q2 Eentu si'iif bowa? \q2 Eentu dhaabbatee \q2 nageya si fuudha? \q1 \v 6 Ati na lakkitteerta; \q2 gara duubaa deebiteerta; \q2 tanaaf harka kiyya si irratti diriirsee, si hin balleessa; \q2 haganaa achi si'iif hin mararu. \q1 \v 7 Kolbaan tiyya karaa ifii irraa deebi'uu waan diddeef, \q2 akka nama horooro'oon midhaan qulleessuu, \q2 karra qachoota lafa sanii duratti \q2 ani isaan hin bittinneessa. \q1 Ijoollee isaanii fixee, \q2 kolbaa tiyyalle hin balleessa. \q1 \v 8 Ani haadhotii hiyyeessaa ta isaanii, \q2 maansa abbaaya'aa caalaa akka bacatanu hin godha. \q1 Haadhotii dargaggootaatitti, \q2 guyyaa saafowaan ka balleessu itti hin fida. \q1 Farraa fi bararaqa \q2 dedhuma isaanitti hin fida. \q1 \v 9 Haati ilmaan torbaa gaggaddee hin harganti; \q2 ifi guyya'aa isi'itti dukkana; \q2 isiin fokkifattee hin salphatti; \q2 worra jiru'uun hafe shallaagaa diinota isaaniititti, \q2 dabarsee hin kenna» jedhe. \b \q1 \v 10 «Haadha tiyya, naaf aanne'e! \q2 Maaf na deette? \q1 Ani nama lafa tanaa mara woliin \q2 nama morkuu fi nama moromu te'eera. \q1 Ani eennulle'eef hin liqeessine \q2 yookiin eennu irralle'ee hin liqaaffanne; \q2 te'uu malee nami marti na abaara. \p \v 11 Mootiin Waan Maraa, «Ani dhugumaan kaayoo dansa'aaf si baase; yennaa badi'ii fi rakkinna keetii diinoti keeti akka si kadhatanu hin godha. \v 12 Nami sibiila yookiin sibiila sageettu'uu ka biyya kaabaatii dhufu cassuu hin dande'aa ree? \p \v 13 «Sababa cubbuu teessanii maraaf karraa fi qabeenna keessan gatii malee worra saamutti dabarsee hin kenna. \v 14 Aariin tiyya ibidda isin gubu isinitti waan qassiittuuf, lafa hin beenne keessatti diinota keessaniif garba akka teetanu isin hin godha» jedhe. \q1 \v 15 Achiin duuba ani, «Ee Mootii Waan Maraa, ati hin beetta; \q2 na qaabadhuutii na qarqaar; \q2 worra na miidhulle ati naaf haluu bayi. \q1 Ati ossaamessa waan teeteef, \q2 na hin balleessin; \q2 ani si'iif jedhee akka salphadhe hin beetta. \q1 \v 16 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Waan Mara Dandeettu, \q2 ani maqaa keetiin waan waamameef, \q2 jechi keeti yennaa gara kiyya dhufe, \q2 ani nyaadhee, gammadee burraaqe. \q1 \v 17 Worra caaqu woliin tee'ee, \q2 isaan woliin hin laallifanne. \q1 Harka keeti jala waan jiruuf, \q2 ati aari'iin waan na guutteef, \q2 qofii tiyya tee'e. \q1 \v 18 Dhibeen tiyya maaf natti jabaatte? \q2 Madaan tiyya maaf kulkultee fayyuu didde? \q2 Ati akka burqaa bisaanii ka nama sobuu, \q2 akka madda goguu maaf natti teeta ree?» jedhe. \p \v 19 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Ati cubbuu irraa yoo deebite, ani adde'etti si hin deebisa; atille na hin tajaajilta. Ati dubbii woy hin baane lakkittee, dubbii woy baatu yoo dubbatte, ati ammalle raagaa kiyya hin teeta; kolbaan gara keeti deebituutii malee ati gara isaanii hin deebitu. \v 20 Ani kolbaa tanaaf akka dalleya sibiila sageettu'uutiin ijaaramee si tolcha. Isaan si loliisaaf si irratti hin ka'an; ammoo ani si fayyisiisaa fi si baasiisaaf si woliin waan jiruuf, isaan si hin injifatanu. \v 21 Ani harka worra hamoole'eetii si hin baasa; harka worra gadhi-jabeeyyi'ii keessalle'ee si hin woda» jedha. \c 16 \s1 Guyyaa Badi'ii \p \v 1 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ati addee tanatti niitii hin fuudhin; ilmaan yookiin ijoollee durraalle hin uumatin. \v 3 Ilmaanii fi ijoolleen durraa ta asitti dhalatanu, haadhoti'ii fi abbootiin isaanii, \v 4 dhukkuba hama'aan hin du'an; nami isaaniif bowu yookiin isaan awwaalu hin jiraatu. Isaan akka cego'oo lafatti hin gataman; shallaaga'aa fi beelaan hin badan; allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin te'an» jedhe. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa, «Ani nageya kiyya, jaalala kiyya ka bara baraatii fi marartii tiyya kolbaa tana irraa waan fudhadheef, mana bowaa hin seenin; bowiisaaf yookiin gaddisaaf hin dhaqin. \v 6 Lafa tanatti worri gugurda'aa fi didiqqaan hin du'an; nami isaan awwaalu yookiin isaaniif bowu hin jiraatu; nami isaaniif ifi amaaxu\f + \fr 16:6 \fr*\fqa If amaaxu: \fqa*\ft jechuun ifi madeessu jechu'u.\ft*\f* yookiin mataa ifii haadatulle hin jiraatu. \v 7 Worra nami irraa du'eef gaddu san jajjabeessiisaaf, nami haqaqoo geessuu hin jiraatu; worra abbaan yookiin haati irraa duuteeyyuu jajjabeessiisaaf daadhii woyni'ii nami geessu hin jiraatu. \v 8 Isaan woliin teettee nyaattee uniisaaf mana jilaa hin seenin» jedha. \v 9 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Kunoo, ani fuula keessan duratti, bara keessanitti, qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii addee tana keessaa hin balleessa. \v 10 Ati waan kana mara kolbaa tanaaf yennaa hintu, isaan, ‹Mootiin Waan Maraa badii guddoo tana maaf nutti dubbata? Yakkaan teenna maan? Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuun nuuti hunye maan?› jedhanee yoo si gaafatane, \v 11 ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Abbootiin teessan ta durii na lakkittee, waaqota dharaa ka dhibii hordottee, tajaajiltee waan waaqonfatteef tun teete; isaan na lakkisane; seera kiyyalle hin eegane. \v 12 Isin ammoo abbootii teessan ta durii caalaa waan hantuu hujjane; tokko tokkoon keessan naaf ajajamiisa irra mataa jabeennaan hammeenna gadhaa keessanii attam attam akka hordottanu ilaala'a. \v 13 Tanaaf ani lafa tana keessaa isin baasee, lafa isinii fi abbootiin teessan ta durii hin beenne keessatti isin hin gata; ani waan isiniif hin marareef, isin achitti waaqota dharaa ka dhibii halkanii fi guyyaa hin tajaajiltan jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Guyyaan namooti, ‹Dhugaa Waaqaa jiraataa, Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa baasee› jedhanee hin kakanne hin dhufa; \v 15 ammoo ani gara lafa abbootii isaanii ta duriitiif kenneetitti waan isaan deebisuuf, ‹Dhugaa Waaqa jiraataa Israa'eloota lafa kaabaa keessaa fi biyya isaan itti bittinneesse mara keessaa baasee fidee› jedhanee hin kakatan» jedhe. \s1 Adabbii dhuttu \p \v 16 Mootiin Waan Maraa, «Amma ammoo ani akka qurxummi'ii worra kana akka guuranu nama hedduu hin erga; isaanille isaan hin guuran; achiin duuba adamsitoota hedduu hin erga; isaanille gaara mara irra, kooba mara irraa fi goda rassa'aa keessa isaan hin adansan. \v 17 Ani waan isaan hujanu mara hin dhagga; isaan fuula kiyya duraa dhokatuu hin dande'anu; cubbuu isaaniille fuula kiyya duraa ta gollanteertuu moti. \v 18 Isaan fakkii fokkisiittuu lubbuu hin qanneen lafa tiyya waan batteessaneef, waaqota dharaa battii sanille'een lafa tiyya waan guutaneef, sababa hammeennaa fi cubbuu isaaniitiif adabbii dachaa isaanitti hin fida» jedha. \p \v 19 Ee Mootii Waan Maraa! Ati jabeennaa fi gollata kiyya; guyyaa rakkinnaalle addee ani itti baqadhu. Gosi biyya adda addaa lafa mara irraa dhufanee, «Abbootiin teenna ta durii waaqonfannaa dharaa, waaqota dharaa ka bu'aa hin qanne ka waan dansaa isaaniif hin goone malee, womaa hin qabanuuyyu» hin jedhan. \p \v 20 Mootiin Waan Maraa, «Nami ifiif waaqa dharaa hujatuu dande'aa? Eeti'i! Ammoo Waaqa dhuga'aatii moti. \v 21 Tanaaf ani isaan hin barsiisa; amma ani hunnaa tiyyaa fi jabeenna kiyya isaan hin barsiisa; achiin duuba isaan maqaan kiyya Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan» jedha. \c 17 \s1 Cubbuu Kolbaa Yihuda'aatii Fi Adabamiisa Isaanii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Cubbuun kolbaa Yihuda'aa feenii sibiilaatiin, arfii dhakaa almaaziitiin gadhaa isaaniitii fi gaafa addee ciinca'aa ka isaanii irratti qiriixantee barreeffanteerti. \v 2 Ijoolleen isaaniituu addee ciinca'aa ta isaaniitii fi utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantu, ta muka bisilee jalaatii fi ta koobota dhedheertuu irraa qaabatan. \v 3 Sababa cubbuu biyya teessaniitiif, gaara kiyya ka lafa teessan keessa jiru, qabeenna keessanii fi karra teessan mara addee waaqonfanna'aa woliin akka saamamu hin godha. \v 4 Balleessaa teessaniif lafa ani isinii kenne dhaddan; aariin tiyya akka ibiddaa haga bara baraa akka bobeettu waan gootaneef, lafa isin hin beenne keessatti diinota keessaniif garba isin tolcha» jedha. \p \v 5 Ammalle Mootiin Waan Maraa, \q1 «Nami namatti addattu, \q2 ka nama foon uffatetti irkatee, \q2 jabeenna ifii godhatu, \q2 ka gadhaan isaa Mootii Waan Maraa irraa fagaate, \q2 ka abaarame. \q1 \v 6 Inni akka tusee goomolee keessaa hin te'a; \q2 wonni dansaan yennaa dhuttu hin dhaggu. \q1 Lafa sooddaa ta nami keessa hin jirre, \q2 addee godduu goomolee keessa hin le'a. \q1 \v 7 Ammoo nami Mootii Waan Maraa addatu, \q2 ka Mootii Waan Maraa addii godhatu ka eebbifame. \q1 \v 8 Inni akka muka bisaan biratti dhaabamee, \q2 ka hidda ifii gara lagaa yaafatuu hin te'a. \q1 Muki sun o'i yennaa dhufu hin sodaatu; \q2 baalli isaa yennaa mara bisile'e. \q1 Bara oola'aa hin yaadu; \q2 midhaan buusiisa hin lakkisu. \q1 \v 9 Qalbiin namaa waan mara caalaa \q2 dabaalettii qajeeluu hin dandeenne. \q2 Eentu isii hubatuu dande'a ree? \q1 \v 10 Ani Mootiin Waan Maraa nama maraaf \q2 akka ideensa isaatii fi \q2 akka hujii isaatitti gatii isaaf kenniisaaf, \q2 gadhaa namaatii fi qalbii namaa \q2 qorqoree hin ilaala» jedha. \b \q1 \v 11 Nami dabaan karra wolitti qabatu, \q2 akka gororrii quuphaa ifii hin buusin dhoofattuu ti; \q2 wodhakkaa bara jiruu isaatitti \q2 wonni inni wolitti qabate sun marti, \q2 isa lakkittee hin dhumatti; \q2 muummee irratti inni gowwaa akka te'e hin mirkanootti. \b \q1 \v 12 Barcumaan mootumma'aa ka ulfinnaa, \q2 durii jalqabee ka saadame, \q2 addee Dunkaanii Woyyittii teennaa ti. \b \q1 \v 13 Ee Mootii Waan Maraa, addii Israa'elii, \q2 worri si lakkisu marti hin fokkifatan. \q1 Worri si irraa duubatti deebi'u, \q2 bisaan madda jiru'uu ka teete, \q2 si Mootii Waan Maraa waan lakkisaneef, \q2 akka barreeffama bukuu irraa ti. \q1 \v 14 Ee Mootii Waan Maraa, ati ka ani leellifadhu waan teeteef, \q2 na fayyisi, anille hin fayya; \q2 na baasi, anille hin baya. \q \v 15 Kolbaan, anaan, «Jechi Mootii Waan Maraa eessa jira? \q2 Me amma muummowuu ti» jedhiisatti jirti. \q1 \v 16 Ani akka ati na ajajetti \q2 tissee te'iisa hin lakkinne; \q2 guyyaan hamaan akka dhufu \q2 akka ani hin halchin hin beetta; \q2 wonni ani dubbadhe marti si duratti ifa. \q1 \v 17 Na hin sodaachisin; \q2 guyyaa rakkinnaa addeen ani itti baqadhu si'i. \q1 \v 18 Worri na miidhu fokkifatuu ti; \q2 ani ammoo hin fokkifatin. \q1 Isaan bararaqanuu ti; \q2 ani ammoo hin bararaqin. \q1 Guyyaa badi'ii isaanitti fidi; \q2 badii dacha'aan isaan balleessi. \s1 Guyyaa Sanbataa Ulfeessuu \p \v 19 Mootiin Waan Maraa anaan, «Dhaqiitii, karra kolba'aa, ta moototi Yihuda'aa ittiin ol seenanuu fi gad bayanu dura, karra Yerusaalemii ta dhibiille mara dura dhaabbadhuutii, \v 20 isaaniin, ‹Isin moototi Yihuda'aa, kolbaan Yihuda'aa maraa fi worri Yerusaalem keessa leetanu karra tanaan worri ol seentanu marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin» jedhe. \v 21 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa Sanbataa ba'aa hin ba'atina'a; karra Yerusaalemiitille'een akka ol hin seensinne lubbuu teessaniif ifi eegadha'a. \v 22 Akkuma ani abbootii teessan ta durii ajaje, woyyummaa guyyaa Sanbataa eega'a malee, ba'aa ba'attanee mana keessanii hin bayina'a; hujii tokkolle hin hujina'a. \v 23 Isaan ammoo hin dhageenne yookiin itti hin xiyyeeffanne; isaan akka hin dhageenne yookiin gorsa akka hin fudhanne mataa jabaatane. \v 24 Isin ammoo akka dansaa yoo naa ajajantane, guyyaa Sanbataa ba'aa ba'attanee karra qachaa kanaatiin yoo ol hin seenin, hujii tokkolle hujuu dhaddanee, woyyummaa guyyaa Sanbataa yoo eeddane, \v 25 moototi barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'anu qondaaltota ifii woliin karra qachaa kanaatiin ol hin seenan; isaanii fi qondaaltoti isaanii fardo'oo fi Garreettaa fardaan harkifamu irra tee'anee, worra Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'u woliin hin dhufan; qachaa kana keessa haga bara baraa nami hin le'a. \v 26 Namooti qachaa Yihuda'aa keessaa, olloota adaala Yerusaalemiitii, lafa Beniyaaminiitii fi lafa kooba jalaa ta gara aduun seentuutii, biyya koobitti'ii fi biyya goomolee kibba Kana'aaniitii, kennansa gubamu fi ciincaa, kennansa midhaanii, hixaanaa fi kennansa galataa qabatanee gara Galma Mootii Waan Maraa hin dhufan. \v 27 Isin ammoo naaf ajajamuu yoo diddane, woyyummaa guyyaa Sanbataa eegiisa yoo dhaddane, ba'aa ba'attanee karra Yerusaalemiitiin yoo ol seentane, karra Yerusaalemii keessatti ibidda hin dhaanne ka dalleya dhaka'aa Yerusaalemii nyaatee balleessu hin qassiisa» jedhe. \c 18 \s1 Nama Faara Dhowuu Fi Faara \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru: \v 2 «Ka'iitii, gara mana nama faara dhowuu gad bu'i; ani achitti ergaa tiyya sitti hima» jedhe. \v 3 Maarre ani gara mana nama faara dhowuu gad bu'ee, inni korboo ifii ta dhaka'aa irratti faara dhowuun dhagge. \v 4 Okkoteen inni faara irraa dhowu sun ammoo harka isaatitti badde; maarre inni faaruma san akka isaaf toltetti deebisee okkotee dhibii huje. \p \v 5 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 6 «Ee, kolbaa Israa'elii! Akkuma nami Faara dhowu kun huju, anille isin hujuu hin dande'uu ree? Akkuma faarri harka nama faara dhowuu keessa jiru, isinille harka kiyya keessa jirtan. \v 7 Ani kolbaan takka yookiin mootummaan takka, akka buqqaatu, akka diigantu fi akka baddu yoo dubbadhe, yennuma san \v 8 kolbaan sunille waan hantuu irraa yoo deebite, ani badii isaanitti fidiisaaf yaade san hin lakkisa. \v 9 Ani Yennaa dhibiille Kolbaa takka yookiin mootummaa takka ijaaree dhaabiisaaf yoo dubbadhe, \v 10 kolbaan sunille na duratti waan hantuu hujjee naaf yoo ajajamuu didde, waan dansaa isaaniif godhiisaaf yaade san hin lakkisa. \v 11 Tanaaf amma ati kolbaa Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'uun, Kunoo Mootiin Waan Maraa, ‹Badii isiniif qopheessiisatti jira; karoora hamaalle isin irratti baasiisatti jira; maarre isin martinuu karaa hamaa keessan irraa deebi'a'aatii, tokko tokkoon keessan karaa keessanii fi hujii teessan qajeelfadha'a› jedheera. \v 12 Isaan ammoo, ‹Lakkii, kun bu'aa hin qabu; nuuti karooruma keenna gula deenna; tokko tokkoon keennaayyuu mataa jabeenna hantuu gadhaa keennaa gula deenna› hin jedhan» jedhe. \p \v 13 Tanaaf Mootiin Waan Maraa isaaniin, \q1 «Me odduu gosa biyya adda addaa gaafadha'a; \q2 waan akkasii nami dhage'ee beeku jiraa? \q1 Kolbaan Israa'elii \q2 waan nafa namaa shuguggeessu hujjeerti. \q1 \v 14 Dhakaan bokkeyaa ka Libaanonii, \q2 rassaa goodda isi'ii irraa dhabamee beekaa? \q2 Bisaan dillowaan gaara Libaanonii irraa gad yaa'u \q2 gogee beekaa? \q1 \v 15 Kolbaan tiyya ammoo na deeteerti; \q2 isaan waaqota dharaa ka woy hin baaneef, \q2 ka karaa isaanii ka durii irraa isaan gufachiisee, \q2 karaa hin teene irra isaan ideensisuuf \q2 hixaana aarsaneeran. \q1 \v 16 Latti isaanii ontee, \q2 haga bara baraa ta murgo'oo hin teeti; \q2 nami karaa san dabaru marti baaseffatiisaan \q2 mataa ifii raasan. \q1 \v 17 Akka qilleensa karaa aduun baatuu, \q2 diinota isaanii duratti ani isaan hin bittinneessa; \q2 guyyaa badiin isaanitti dhuttu, \q2 ani dudda kiyya isaanitti mudhisa malee \q2 fuula kiyya isaanitti hin mudhisu» jedha. \s1 Mala Ermiyaasitti Dhowane \p \v 18 Achiin duuba isaan, «Seera barsiisiis hayyoota biraa, gorsi qaroolee biraa, jechi raagota biraa waan hin dhabanneef, maarre kowa'a, Ermiyaas irratti mala dhoonnee, waan inni dubbatu mara dhage'uu didannee, dubbi'iin isa rakkinna» jedhane. \b \q1 \v 19 Maarre ani daadimadhee, «Ee Mootii Waan Maraa naa caqasi; \q2 waan diinoti kiyya jedhanu dhage'i! \q1 \v 20 Gatii waan dansa'aa waan hantuu kaffalanii ree? \q2 Isaan ammoo boolla naaf qotaneeran; \q2 mufii teeti akka ati isaan irraa deebifattuuf, \q2 fuula keeti dura dhaabbadhee, \q2 isaaniif akka ani si kadhadhe qaabadhu. \q1 \v 21 Tanaaf ijoollee isaanii beelessi; \q2 shallaaga'aaf dabarsiitii isaan kenni! \q2 Niitoti isaanii ta ijoollee hin qannee fi \q2 haadhotii hiyyeessaa te'anuu ti. \q1 Dhiira isaanii fixi; \q2 dargaggooti isaanii lola keessatti akka qalamanu godhi. \q1 \v 22 Isaan na qabiisaaf boolla waan qotaneef, \q2 miila kiyyaaf tiyyoo waan afaneef, \q2 yennaa ati dedhuma worra isaan lolu itti fidde, \q2 mana isaanii keessaa iyyi dhage'antuu ti. \q1 \v 23 Ee Mootii Waan Maraa! \q2 Mala isaan na ijjeesiisaaf dhowane, ati hin beetta. \q1 Yakkaa isaanii isaaniif hin araaramin; \q2 cubbuu isaaniille fuula keeti duraa haxoottee hin balleessin. \q1 Isaan fuula keeti duratti jiganee badanuu ti; \q2 ati yennaa isaanitti aarte isaanitti muri» jedhe. \c 19 \s1 Fakkeenna Okkotee Caddee \p \v 1 Mootiin Waan Maraa anaan, «Dhaqiitii nama faara dhowu irraa okkotee bitadhu; jaarsolee kolba'aa keessaa garii, maanguddoota hayyootaa keessalle'ee garii qabadhuutii \v 2 gara dhooqa Ben-Hiinomii ta seensuma karaa karra basso'oo biraa gad bayi; achitti waan ani sitti dubbadhu lallabiitii, \v 3 ‹Ee mootota Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a. Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: ani badii dhage'iisaaf gurra namaatitti hin tolle addee tana irratti hin fida. \v 4 Sababille isaan na lakkisanee addee tana ta waaqota ormaa godhaneeran. Isaan addee tana keessatti waaqota ifiifuu hin beenne, ka abbootiin isaaniitii fi moototi Yihuda'aalle ijjumaa hin beenneef hixaana aarsanee, dhiiga worra yakkaa hin qanneetiin addee tana guutaneeran. \v 5 Isaan waan ani hin ajajin yookiin ani hin dubbatin, yookiin ta ani ijjumaa hin yaadatin, ilmaan ifii ibiddaan gubanee Ba'aaliif kennansa dhikeessiisaaf, addee waaqonfanna'aa Ba'aaliif ijaarane. \v 6 Tanaaf kolbaan addee tana «Dhooqa qalmaa» jetti malee, «Toofet» yookiin «Ben-Hiinom» jettee barri hin waanne hin dhufa› jedhi. \v 7 Ani addee tanatti karoora kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'elii hin diiga. Ani diinota isaanii duratti harka worra lubbuu isaanii barbaaduutitti shallaaga'aan akka isaan ijjeefamanu hin godha; reeffa isaanii allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin godha. \v 8 Ani qachaa kana diigee, waan ittiin murganu hin godha; sababa gaargala isi'ii maraaf worri karaa san dabaru marti hin maadeffata. \v 9 Ani foon ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ifii akka isaan nyaatanu hin godha; diinoti isaanii ka lubbuu isaanii balleessiisaaf barbaadu yennaa isaan marsee rakkisu, isaan foon wolii hin nyaatan. \p \v 10 «Achiin duuba worra si woliin jiru san duratti okkotee cassiitii, \v 11 isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade: Akkuma okkoteen nama faara dhowuu bututteen duuba deebitee suphamuu hin dandeenne, akkuma kana ani kolbaa tanaa fi qachaa kana hin butucha; haga addee itti awwaalanu dhabantutti reeffa isaanii Toofetitti hin awwaalan. \v 12 Ani addee tanaa fi worra as keessa le'u mara irratti tana hin godha. Ani qachaa kana akka Toofetii hin godha. \v 13 Kolbaan heellichoo mana ifii irratti waaqota ifii waan waaqonfataneef, manni Yerusaalem keessaatii fi manni mootumma'aa ka mootota Yihuda'aa akka addee tanaa, akka Toofetii hin battowan; isaan urjoota waaqonfatanee, isaan ulfeessiisaaf hixaana aarsanee, waaqonfatiisaaf kennansa daadhii woyni'ii kennaneeran› jedhiin» jedhe. \p \v 14 Ermiyaas addee Mootiin Waan Maraa akka inni raaga dubbatuuf erge Toofetii deebi'ee, badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessa dhaabbatee, kolbaa maraan, \v 15 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isaan mataa jabaatanee jecha kiyya waan hin caqasiniif, ani qachaa kanaa fi ollaa adaala qachaa kanaa jiru maratti badii itti fidiisaaf dubbadhe mara hin fida› jedha» jedhe. \c 20 \s1 Ermiyaasii Fi Phashihur \p \v 1 Dura bu'aan Galma Waaqaa, ilmi Iimerii hayyichi Phashihur, Ermiyaas raaga kana raaguun yennaa dhage'e, \v 2 raagicha Ermiyaas dhaanee, karra Galma Waaqaa ta Beniyaaminii ta gatiiti'iititti miila isaa jirma lama wodhakkaa galchee hidhe. \v 3 Boruyyaa Phashihur yennaa jirma lama san wodhakka'aa Ermiyaas hiike, Ermiyaas isaan, «Haganaa achi Mootiin Waan Maraa, ‹Maagor Miisaabiib\f + \fr 20:3 \fr*\fqa Maagor Miisaabiib: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Gara maraan bararaquu jechu'u.\ft*\f*› jedhee si waama malee ‹Phashihur› si'iin hin jedhu» jedhe. \v 4 Mootiin Waan Maraa, «Si'ii fi jaalota teeti mara akka bararaxxanu hin godha; adoo ati ilaan dhaggituu shallaagaa diinotaatiin hin dhumatan; ani kolbaa Yihuda'aa mara harka mootii Baabilonii ka isaan booji'utti yookiin ka isaan ijjeesutti dabarsee hin kenna. \v 5 Qabeenna qachaa kanaa mara, waan qachaan kun dhaggatu mara, meya gatii guddo'ootii fi karra mootota Yihuda'aa mara harka diinota isaaniititti dabarsee hin kenna; isaanille saamanee gara biyya Baabilonii hin geessan. \v 6 Ee Phashihur, atii fi worri mana keeti keessa le'u marti gara Baabilonii booji'antanee hin deentan; ati jaalota teeti ta raaga dharaa isaaniif raadde mara woliin duutee, achitti hin awwaalanta» jedhe. \s1 Gungunsuu Ermiyaasii \q1 \v 7 Ee Mootii Waan Maraa! \q2 Ati na sodde; \q2 anille sobame. \q1 Ati na caalaa jabaa waan teeteef \q2 na injifatte. \q2 Guyyaa mara nami natti murga; \q2 nami marti natti kolla. \q1 \v 8 Ani yennaa dubbadhu mara qoonqoo ol qabadhee, \q2 marroo hunnaan nama irratti ka'iisaatii fi \q2 marroo badi'ii dubbadha; \q2 guyyaa mara Jechi Mootii Waan Maraa \q2 arrabaa fi qaanii natti fide. \q1 \v 9 Ani ammoo, «Haganaa achi maqaa waaqaa hin dhowu; \q2 maqaa isaatille'een waan tokkolle hin dubbadhu» yoo jedhe, \q2 jechi isaa gadhaa kiyya keessatti akka ibiddaa bobe'ee, \q2 lafee tiyya keessa lixe. \q1 Ifi keessatti qabatiisa dadhabe; \q2 ijjumaa hin dandeenne. \p \v 10 Ani worri bacaan hasaasaa, «Bararaqi addee mara jira; \q2 waan inni jedhe hima'a! \q2 Kowa'a waan inni jedhe hinnaa!» jedhanuun dhage'e. \q2 Jaaloti tiyya marti, «Inni hin sobama fa'a te'a; \q2 achiin duuba isa injifannee, \q2 haluu teennalle isa hin baana» jedhaa gufatiisa kiyya eegan. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 akka loltuu jabaa jannaa na woliin jira; \q2 tanaaf worri na ari'u hin jiga malee \q2 na hin injifatu. \q1 Isaan akka malee qaanowan malee \q2 wonni isaan yaadanu isaaniif hin teetu. \q1 Salphinni isaaniille \q2 ijjumaa hin dedhamu. \q1 \v 12 Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, \q2 ka balchaa haga ilaaltu, \q2 ka gadha'aa fi qalbii qorqortu, \q2 haajaa kiyya waan sitti kennadheeruuf, \q2 yennaa ati isaan haluu baatu, \q2 ani isaan dhagguu ti. \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa lubbuu worra rakkata'aa \q2 harka worra hamoole'ee keessaa waan baaseef \q2 isaaf faarsa'a; \q2 isa leellifadha'a. \b \q1 \v 14 Guyyaan ani dhaladhe ka abaarame te'uu ti! \q2 Guyyaan haati tiyya na deette hin eebbifamin! \q1 \v 15 Nami abbaa kiyyaan, «Ilmi si'iif dhalateera» jedhee, \q2 oduu gammadaa itti himee isa gammachiisu \q2 ka abaarame te'uu ti. \q1 \v 16 Nami sun akka qachaa marartii malee \q2 Mootiin Waan Maraa balleessee te'uu ti! \q2 Ganama bowa, \q2 orraa iyya lolaa dhage'uu ti! \q1 \v 17 Sababille inni gadhaa haadha tiyyaa keessatti \q2 na hin ijjeenne; \q2 silaa isiin addee awwaalaa naaf teetee, \q2 haga bara baraa gadhaachottee turtiiyyu. \q1 \v 18 Ani rakkinnaa fi gadda dhaggiisaaf \q2 bara kiyya qaani'iin muummeffatiisaaf \q2 gadaamessa haadha tiyyaa keessaa maaf baye? \c 21 \s1 Deebii Mooticha Zedeqiiya'aaf kennante \p \v 1 Mootiin Yihuda'aa Zedeqiiyaan, ilma Malkiiya'aa Phashihurii fi ilma Ma'aseya'aa Sefaaniyaasii hayyicha gara Ermiyaasii yennaa erge, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe; \v 2 worri mooticha biraa ergame sun Ermiyaasiin, «Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar waan nu lolaaruuf, maganne'e Mootii Waan Maraa nu'uuf gaafadhu; Mootiin Waan Maraa akkuma qaraa bilbaasa hujee akka mootichi nu irraa deebi'u hin godha fa'a te'a» jedhane. \p \v 3 Ermiyaas ammoo deebisee isaaniin, «Dhaqa'aatii Zedeqiiya'aan, \v 4 ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, worra dalleyaan alaan isin marsane, mootii Baabiloniitii fi worra baabilonii loliisaaf meya woraanaa ka isin harkatti qabattane san isin irratti garagalcha; qachaa kana keessalle'etti isaan wolitti hin qaba. \v 5 Aninuu harka kiyya diriirfadhee irree jaddu'uun, aari'iin, aarii bobeettuu fi mufii guddo'oon isin hin lola. \v 6 Namaa fi horii qachaa kana keessa jiranu mara dhowee, balaa gudda'aan hin fixa. \v 7 Saniin duuba mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa, qondaaltota isaatii fi kolbaa qachaa kana keessaa worra balaa irraa, shallaaga'aa fi beela irraa lubbu'uun hafane, harka mootii Baabilonii Nebukadnezaariititti, harka diinota isaanii worra jiruu isaanii balleessiisaaf barbaaduutitti dabarsee isaan hin kenna; mootichi shallaaga'aan isaan hin ijjeesa; inni isaaniif hin mararu yookiin isaaniif hin nawu yookiin gadhaa hin laafu› jedha'aatii itti hima'a» jedhe. \p \v 8 Mootiin Waan Maraa ammalle raagichatti dubbatee, «Kolbaa tanaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo ani karaa jiru'uutii fi karaa du'aa isin dura keyeera. \v 9 Nami qachaa kana keessatti hafu marti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aa hin du'a; nami achi keessaa bayee worra Baabilonii ka qachaa marsanetti harka kennate ammoo hin du'u; jiruulle'een hin baya. \v 10 Ani qachaa kana irratti waan dansaa adoo hin te'in waan hantuu godhiisaaf murteeffadheera; qachaan kun harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; innille ibiddaan hin guba› jedha. \p \v 11 «Mana mootummaa Yihuda'aatiin, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!› jedhiin. \v 12 Ee sanyii Daawitii, Mootiin Waan Maraa isiniin, ‹Sababa hujii hantuu isin hujjaneef, aariin tiyya akka ibidda eennulle dhaanfuu hin dandeennee akka hin bobeenne, guyyaa mara haqa huja'a; nama saamame harka worra isa cunqursuu keessaa baasa'a. \b \q1 \v 13 «‹Ee qachaa Yerusaalemii, ka dhooqaan gubbaa, \q2 lafa rassittii gooroo irra jiru; ani si hin morma; \q2 isin worri: Eentu dhufee nu mormuu dande'a? \q2 Eentu addee nuuti itti baqanne seenuu dande'a? jettanu \q1 \v 14 Ani akkuma hujii teessaniititti isin hin adaba; \q2 mana mootumma'aa keessan, \q2 ka «Gongomaa» jedhamutti ibidda qassiisee \q2 waan adaala san jiru mara hin fixa› jedheera» jedhe. \c 22 \s1 Muraa Mootota Hamaaleyyii Irratti Murante \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Gara mana mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa gad dhaqii achitti ergaa tana lallabiitii: \v 2 ‹Ee mootii Yihuda'aa ka barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra teetteertu, qondaaltoti teetii fi kolbaan teeti ta karra tanaan seentu jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhi» jedhe. \v 3 Yennaa san raagichi, «Mootiin Waan Maraa, ‹Waan haqa te'ee fi waan sirrii te'e huja'a. Nama saamame harka worra isa cunqursuutii baasa'a. Nama ormaa, ijoollee abbaa hin qanne yookiin haadha hiyyeessaa irratti yakkaa hin hujina'a yookiin hunnaan irratti hin ka'ina'a. Addee tanatti dhiiga nama yakkaa hin qanneelle hin dhangalaasina'a. \v 4 Isin ajaja kana akka dansaa yoo eegattane, moototi barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra tee'anu, qondaaltotaa fi kolbaa ifii woliin garreettaa fardaan harkifamuu fi farda irra tee'anee karra mana mootumma'aa tanaan seenaa hin bayan. \v 5 Isin ajaja kana yoo hin eegatin ammoo manni mootumma'aa kun akka diigamu aninuu kakadheera› » jedha. \p \v 6 Mootiin Waan Maraa marroo mana mootummaa mootii Yihuda'aatiif, \q1 «Ati manni mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa, \q2 akka Giil'aadiitii fi akka qaccee gaara Libaanonii \q2 miidhagaa naaf teetulle, \q2 ani dhugumaan akka lafa goomole'ee, \q2 akka qachaa nami keessaa hin jirree si hin godha. \q1 \v 7 Worri si balleessu meya woraanaa qabatee \q2 akka sitti dhufu hin godha; \q2 isaan utuboota muka hindheensaa keeti \q2 miidhagaa san mummuranee \q2 ibiddatti hin gatan. \p \v 8 «Gosi biyya adda addaa bacaan qachaa kana keessa dabaraa: ‹Mootiin Waan Maraa qachaa guddaa kana maaf akkana godhe?› jedhaa wol gaafatan. \v 9 Achiin duuba: ‹Isaan gondooroo Mootii Waan Maraa ta Waaqa ifii diiganee, waaqota dharaa dhibii waaqonfatanee waan tajaajilaneef tun teete jedhan› jedha» jedhe. \q1 \v 10 Mootichi booji'ame ijjumaa waan hin deebinneef, \q2 biyya itti dhalate san deebi'ee waan hin dhaggineef \q2 isaaf bowa'a malee \q2 mooticha du'eef hin bowina'a; \q2 hin gaddinaalle'e. \p \v 11 Mootiin Waan Maraa marroo Shaalumiin ilmi Yosiyaasii ka addee abbaa ifii bu'ee Yihudaa irratti mootii te'ee, «Inni haganaa achi as hin deebi'u; \v 12 inni addee booji'amee dhaqe sanumatti du'a malee lafa tana deebi'ee hin dhaggu. \b \q1 \v 13 «Nama mana mootumma'aa ka ifii seera malee, \q2 kolloo ifii ta mana irraalle haqa malee ijaarsifatuuf, \q2 ka kolbaa ifii akkasumaan hujisiifatuuf, \q2 ka eloo isaaniif hin kaffalleef aanne'e! \q1 \v 14 Inni, ‹Ani mana mootumma'aa guddaa, \q2 ka kolloo badhoo ifi irraa qabu hin ijaarradha; \q2 foddaa hedduu itti hin baafadha; \q2 muka birbirsaatiin seefadhee \q2 halluu diintuu itti halladha› hin jedha. \q1 \v 15 Mana keeti muka birbirsaatiin ijaaratiisaan \q2 mootii teete seetaa? \q1 Abbaan keeti haqaa fi balchummaa waan hujeef \q2 waan nyaatuu fi unu dhabeeraa? \q2 Maarre wonni marti isaaf teeteerti. \q1 \v 16 Inni worra hiyyeessaa fi worra rakkata'aafille, \q2 haqaan mureera; \q2 tanaaf wonni marti isaaf teete. \q1 Ana Mootii Waan Maraa beekiisi tana jechu'uu motii ree? \q1 \v 17 Ilti teetii fi gadhaan keeti ammoo \q2 bu'aa dabaan dhaggatanu irratti, \q2 dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasiisa irratti, \q2 nama miidhiisaa fi saamiisa irratti xiyyeeffatan. \q1 \v 18 Tanaaf mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiimii ilma Yosiyaasiitiif, \q2 nami, ‹Aannee obboleessa kiyya! Aannee obboleettii tiyya! \q2 Aannee goottaa kiyya! \q2 Aannee arnya isaa!› jedhee isaaf bowu hin jiru; \q2 \v 19 inni akka harree duutee harkifamee, \q2 dalleya Yerusaalemiitiin alatti hin gatama. \q1 \v 20 Ee kolbaa Yerusaalemii! Jaaloti teessan waan badaneef \q2 gara Libaanonii ol baya'aatii iyya'a! \q2 Qoonqoo teessan ol-qabadha'aatii \q2 Baashaan keessatti dhageessisa'a; \q2 gaara Abaariimii irralle'etti iyya'a! \q1 \v 21 Yennaa isin nageyaan jirtanu, ani isinitti dubbadheera; \q2 isin ammoo dhage'uu diddane. \q1 Bara ijoollummaa teessaniitii jalqaddanee \q2 kanuma hujjane; \q2 isin naaf hin ajajanne. \q1 \v 22 Sooressitoota teessan mara qilleensi fuudhee hin dabara; \q2 jaaloti teessanille booji'amanee hin deeman; \q1 Achiin duuba isin sababa hammeenna keessaniitiif \q2 qaanotanee hin salphatan. \q1 \v 23 Isin worri hindheensa Libaanoniitiin \q2 mana mootumma'aa keessa ijaarrattanu, \q2 akka dubartii ciniinsifattuu \q2 rakkoon yennaa isin dhaqqadde, \q2 attam attam aaddan ree? \s1 Muraa Waaqaa Ta Yehoyaaqiim Dhaqqadde \p \v 24 «Ee Yehoyaakiinii mootii Yihuda'aa, ilma Yehoyaaqiimii! Dhugaa ana Waaqa jiraata'aa, ati chaappaa qubee harka kiyyaa middichaa adoo teetee jiraattelle'ee ifi irraa baasee si hin gata. \v 25 Ani harka worra si ijjeesiisaaf barbaadutti, harka worra ati sodaatutti, harka mootii Baabilonii Nebukadnezaariitii fi harka worra Baabiloniititti dabarsee si hin kenna. \v 26 Ani si'ii fi haadha teeti ta si deette gara biyya dhibi'ii ta isin keessatti hin dhalatinitti isin hin gata; isin lamaanuu achitti hin duutan. \v 27 Lafa itti deebi'iisaaf dharraatanu sanitti ijjumaa hin deebitanu» jedhe. \b \q1 \v 28 Yehoyaakiin kun \q2 akka okkotee caddee \q2 ta nami hin barbaannee, \q2 ka tuffatamee ree? \q1 Innii fi ijoolleen isaa \q2 lafa hin beennetti maaf gatamane ree? \q1 \v 29 Ee lafa! Lafa! Lafa! \q2 Jecha Mootiin Waan Maraa dhage'i! \q1 \v 30 Mootiin Waan Maraa, «Sanyii namicha kanaa keessaa, \q2 haganaa achi dhalatee barcumaa mootummaa Daawitii irra ka tee'u, \q2 yookiin ka biyya Yihuda'aa bulchu tokkolle waan hin jiraanneef, \q2 inni akka nama ijoollee hin qannee, \q2 akka nama bara jiruu ifii keessatti \q2 wonni tokkolle isaaf hin tolinii akka te'e galmeessi!» jedhe. \c 23 \s1 Addii Gara Duraa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Tissitoota addee tika kiyyaatii hoolota tiyya bittinneessitee balleessituuf aanne'e!» jedha. \v 2 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii marroo bulchitoota kolbaa tiyya eedduutiif, «Isin kolbaa tiyya bittinneessitanee waan ariitaneef, akka maltetti waan hin eeginiif, waan hantuu isin hujjaneef ani isin hin adaba. \v 3 Aninuu kolbaa tiyya ta lubbu'uun hatte, biyya isaan itti bittinneesse san mara keessaa wolitti qabee biyya isaaniititti isaan hin deebisa; isaan achitti horanee hin bacatan. \v 4 Ani tissitoota isaan eeddu isaaniif hin kaasa; isaan haganaa achi hin sodaatanu yookiin hin bararaqanu, tokkolle isaan keessaa hin dhidhatu» jedha. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, barri ani sanyii Daawitii keessaa mootii balchumma'aan bulchu kaasu dhufaara; inni lafa irratti qarumma'aan bulchaa, waan sirrii te'e hujaa muraa haqaalle hin mura. \v 6 Bara isaa keessatti kolbaan Yihuda'aa diina ifii jalaa hin baati; kolbaan Israa'eliille nageyaan hin leeti. Maqaan isaalle, ‹Mootiin Waan Maraa balchummaa teenna› jedhamee hin waamama. \p \v 7 «Tanaaf barri kolbaan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa Ka jiraataa te'ee, ka Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase› jedhanee kakatuu lakkisanee, \v 8 ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka Israa'eloota biyya kaabaatii fi addee isaan itti bittinneesse keessaa baasee› jedhanee kakatanu hin dhufa» jedha. Achiin duuba lafa ifii keessa hin le'an. \s1 Raagota Dharaameyyii \p \v 9 Marroo raagotaatiif: \b \q1 Gadhaan kiyya raafameera; \q2 lafeen tiyya hollatteerti. \q1 Sababa Mootii Waan Maraatiif, \q2 sababa jecha woyyicha isaatiif, \q2 ani akka nama machowee, \q2 akka nama daadhii woyni'ii unee ifi wollaalee te'eera. \q1 \v 10 Latti worra gaarayyeeffatuun guutanteerti; \q2 sababa kanaaf Mootiin Waan Maraa lafa abaaree, \q2 latti tun gadditeerti; \q2 kaloon goomolee keessaalle qoorteerti. \q1 Raagoleen marti waan hantuu hordottee, \q2 baallii ifii seera malee itti fayyadamaneeran. \p \v 11 Mootiin Waan Maraa, \q1 «Raagotii fi hayyooti worra Waaqa malee le'u; \q2 Galma kiyya keessattuu \q2 ani hammeenna isaanii dhaggeera. \q1 \v 12 Tanaaf karaan isaanii mucucaataa hin te'a; \q2 isaan gara dukkanaa gatamanee \q2 achitti hin jigan; \q2 bara isaan adabamanu \q2 ani badii isaanitti hin fida» jedha. \q1 \v 13 Ammalle Mootiin Waan Maraa, \q2 «Ani raagota Samaariya'aa oddu'utti \q2 waan nama jibbisiisu dhaggeera; \q2 isaan maqaa Ba'aaliitiin raaga dubbataa \q2 kolbaa tiyya Israa'el dokonkorsan. \q1 \v 14 Raagota Yerusaalemii odduulle'etti \q2 waan nama shuguggeessu dhaggeera; \q2 isaan hin gaarayyeeffatan; \q2 dharaan ideeman. \q1 Nami tokkolle hammeenna irraa akka hin deebine \q2 worra hantuu huju jajjabeessan. \q1 Marti isaaniituu na duratti akka qachaa Sodoomii, \q2 kolbaan Yerusaalem keessa leetu, \q2 akka qachaa Gomora'aa battowaneeran» jedha. \p \v 15 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade marroo raagota Yerusaalemii: \q1 «Raagoti Yerusaalemii Waaqa malee le'iisa \q2 biyya duudii irra waan babadhisaneef, \q2 sagalee hadhoottuu isaan hin nyaachisa; \q2 bisaan hadhaa qabu isaan hin obaasa» jedha. \p \v 16 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade: \b \q1 «Waan raagoti isiniif raaganu hin dhage'ina'a; \q2 isaan addii sobaatiin isin guutan. \q2 Waan yaada isaaniititti mudhate dubbatan malee \q2 waan ani dubbadhee moti. \q1 \v 17 Isaan worra na tuffatuun, \q2 ‹Mootiin Waan Maraa: Nageyaan hin leetan jedha; \q2 worra mataa jabeenna ifii hordofuun ammoo: \q2 Wonni hantuun isinitti hin dhuttu jedha› jedhan» jedha. \q1 \v 18 Isaan keessaa jecha isaa dhaggiisaaf yookiin dhage'iisaaf \q2 ka marii Mootii Waan Maraa keessa dhaabbate eennu? \q2 Jecha isaa caqasee eentu dhage'e? \q1 \v 19 Kunoo mufiin Mootii Waan Maraa \q2 ta akka bubbee bokkeyaa hin kaati; \q2 hobonbolattiin mataa worra hamoole'ee irratti hin buuti. \q1 \v 20 Mootiin Waan Maraa fedhii ifii adoo hin muummessin \q2 mufiin isaa duubatti hin deebitu; \q2 bara dhufu'uu jiru keessatti akka dansaa hin hubattan. \p \v 21 Mootiin Waan Maraa, «Ani raagota tana hin ergine; te'uu malee isaan ifumaaf ergaa ifii fudhatanee fiigane; ani isaanitti hin dubbanne, te'uu malee isaan raaga dubbatane. \v 22 Isaan adoo marii tiyya keessa dhaabbatanee jiraatanee, silaa jecha kiyya kolbaa tiyyaaf lallabanee, karaa hamaa isaanii irraa, hujii hantuu isaanii irralle'ee isaan deebisaneeraniiyyuu. \v 23 Ani Waaqa dhikoo callaa jiruu ree? Ani Waaqa fagoolle jiruu motii ree? \v 24 Akka ani isa hin dhaggine, addee dhokaataatitti nami dhokatuu dande'u jiraa ree? Lafaa fi ol-gubbaa ka guute anaa motii ree? \v 25 Ani raagota maqaa kiyyaan, ‹Ani oojjuu oojjadhe! Ani oojjuu oojjadhe!› jedhaa raaga sobaa raaganu dhage'eera. \v 26 Wonni kun haga yoomii gadhaa raagota dharaa worra yaada ifii keessaa fuudhanee raaga dharaa raaganu keessa jiraatti? \v 27 Akkuma abbootiin isaanii ta durii Ba'aal waaqonfatiisaan maqaa kiyya dedhane, oojjuu isaan wolitti himanuun, kolbaan tiyya maqaa kiyya akka deetu waan godhane isaanitti fakkaatti. \v 28 Raagichi oojjuu oojjate, oojjuma ifii san himuu ti; ka ani jecha kiyya itti dubbadhe ammoo addatamumma'aan isuma dubbatuu ti. Hicaace'ee fi midhaan tokkummaa maan qaban? \v 29 Jechi kiyya akka ibiddaatii motii ree? Akka burrisa rassaa butuchuutii motii ree? \v 30 Tanaaf ani raagota jecha wol irraa dhage'aa, akka na irraa dhage'aneetitti dubbatanu, \v 31 raagota ifumaaf dubbataa, ‹Mootii Waan Maraatitti dubbatte› jedhanulle hin morma; \v 32 kunoo ani raagota oojjuu dharaatiin raaganu hin morma; ani adoo isaan hin ergin yookiin isaan hin ajajin dharaan kolbaa tiyya dokonkorsan; isaan kolbaa tanaaf woy hin bayanu» jedha. \s1 Raaga Raagota Dharaa \p \v 33 Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaan tun yookiin raagichi tokko yookiin hayyichi tokko, ‹Ergaan Mootiin Waan Maraa maan?› jedhanee yennaa si gaafatane, ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ba'aan ulfaattuun isin; ani ifi irraa fuudhee isin hin gata jedha› jedhiin. \v 34 Raagichi tokko yookiin hayyichi tokko yookiin eennulle, ‹Tun ergaa Mootii Waan Maraa ti› yoo jedhe, ani nama sanii fi maatii isaa hin adaba» jedhe. \v 35 Ermiyaas kolba'aan, «Tokko tokkoon keessan, ‹Mootiin Waan Maraa deebii maan kenne?› Yookiin, ‹Mootiin Waan Maraa maan dubbate› jedhee jaala ifii yookiin fira ifii gaafatuu ti malee, \v 36 ‹Tun ergaa Mootii Waan Maraa ti› jedhee hin dubbatin. Sababille isin jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, ka Waaqa jiraataa keennaa waan micciirtanuuf, ka isin dubbattanu erguma teessan. \v 37 Tanaaf isin, ‹Mootiin Waan Maraa deebii maan isiniif kenne› yookiin, ‹Mootiin Waan Maraa maan dubbate?› jedha'aatii raagota gaafadha'a. \v 38 Isin, ‹Ergaan tun ta mootii Waan Maraa ti› jettanulle, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani Ergaan tun ta Mootii Waan Maraa ti akka isin hin jenne adoo isinitti himuu, isin: Ergaan tun ta Mootii Waan Maraa ti jettane. \v 39 Tanaaf, ani dhugumaan isinille, qachaa isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kennelle hin dedha; fuula kiyya duraa isin hin gata. \v 40 Salphinnaa fi qaanii bara baraa ta ijjumaa hin dedhanne isinitti hin fida› jedha» jedhe. \c 24 \s1 Kollonjoo Lama Ta Midhaan Harru'uu Qaddu \p \v 1 Mootiin biyya Baabilonii Nebukadnezaar, mootii Yihuda'aa Yekoniyaa ilma Yehoyaaqiimii, qondaaltota Yihuda'aa, worra hujii harkaa hujuu fi worra sibiila tumu Yerusaalem keessaa booji'ee gara biyya Baabilonii geesseen duuba, Mootiin Waan Maraa kollonjoo lama ta midhaan harru'uu qaddu, ta Galma Mootii Waan Maraa dura keyane natti mudhise. \v 2 Kollonjoon takkaan midhaan muka harru'uu dansaa ka dursee bilchaate fakkaatu qaddi; ta lammeesso'oo ammoo midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeenne qaddi. \v 3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee, Ermiyaas, maan dhaggiisatti jirta?» jedhe; anille deebisee, «Midhaan muka harru'uu dhaggiisatti jira; midhaan sun dansaan guddoo dansa'a; hamaan ammoo akka malee hamaa ka nami nyaatuu hin dandeenne» jedheen. \p \v 4 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 5 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Worra biyya Yihuda'aa keessaa booji'amee gara biyya Baabilonii akka dhaqanu godhe kana akkuma midhaan muka harru'uu dansaa kanaa isaan hin ilaala. \v 6 Ani akka isaan hin miidhanne isaan eegee gara lafa tanaa akka isaan deebi'anu hin godha; ani isaan hin ijaara malee hin diigu; hin dhaaba malee hin buqqisu; \v 7 ani qalbii isaan ittiin ani Mootii Waan Maraa akka te'e beekanu isaaniif hin kenna; gadhaa tokkochaan gara kiyya waan deebi'anuuf, isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaaniif hin te'a. \p \v 8 «‹Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa, qondaaltota isaa, worra lubbu'uun hafee Yerusaalem keessa yookiin biyya Gibxi'ii keessa le'u akkuma midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeennee san hin godha. \v 9 Ani mootummoota biyya lafa maraa duratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha; addee ani itti isaan bittinneesse maratti akka namooti itti mammaakanu, akka isaanitti murganuu fi akka isaan abaaranu hin godha. \v 10 Lafa ani isaanii fi abbootii isaaniitii kenne keessaa haga isaan badanutti shallaagaa, beelaa fi balaa isaanitti hin erga› jedha» jedhe. \c 25 \s1 Booji'amiisa Woggaa Torbaatamaa \p \v 1 Ilmi Yosiyaasii Yehuyaaqiim biyya Yihuda'aa irratti mootii te'ee, woggaa arfeesso'ootitti, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti marroo kolbaa Yihuda'aa maraaf jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe. \v 2 Maarre raagichi Ermiyaas kolbaa Yihuda'aa maraa fi worra Yerusaalem keessa le'u maratti dubbatee, \v 3 «Ilmi Amoonii Yosiyaas motii Yihuda'aa te'ee woggaa kudhanii sadeesso'ootii jalqabee, haga guyyaa adhaa woggaa diddamii sad jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, anille itti deddeebi'ee isinitti hime; isin ammoo hin dhageenne. \v 4 Mootiin Waan Maraa tajaajiltoota ifii raagota mara itti deddeebi'ee gara keessan erge; isin hin caqanne yookiin hin dhageenne. \v 5 Isaan, ‹Tokko tokkoon keessan, karaa hama'aa fi hujii hantuu teessan irraa amma deebi'a'a; lafa Mootiin Waan Maraa bara baraa haga bara baraa isinii fi abbootii teessaniif kenne keessa le'a'a. \v 6 Waaqota dhibii waaqonfatiisaaf, isaan tajaajiliisaafille hin hordofina'a; akka inni isin hin adanne hujii harka keessaniitiin Mootii Waan Maraa hin aarsina'a› isiniin jedhane. \v 7 Mootiin Waan Maraa, ‹Isin ammoo na hin caqanne; hujii harka keessaniitiin na aarsitanee miidha ifi irratti fiddane› jedha. \p \v 8 «Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Isin jecha kiyyaaf waan hin ajajaminiif, \v 9 kunoo ani kolbaa gara kaabaa mara fi tajaajilaa kiyya mootii Baabilonii Nebukadnezaar waamee lafa tanaa fi kolbaa isii keessa leetu, gosa biyya adda addaa ta adaala isi'ii jirtu mara akka lolanuuf hin fida; ani ijjumaa isaan hin balleessa; waan hantuu nami dhaggee bararaqu, waan nami itti murguu fi haga bara baraa ona isaan hin godha. \v 10 Ani qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii, qoonqoo daaku'uutii fi ifa issa'aa odduu isaaniitii hin balleessa. \v 11 Latti tun duudiin goomolee duwwaa teetee, gosi biyya adda addaa tunille woggaa torbaatama mootii Baabilonii hin tajaajilan. \v 12 Woggaan torbaatam muummotteen duuba mootii Baabiloniitii fi kolbaa isaa, lafa worra Baabiloniille sababa yakkaa isaaniitiif adabee lafa isaanii haga bara baraa ona hin godha. \v 13 Ani waan biyya san irratti fidiisaaf dubbadhe mara, waan kitaaba kana keessatti barreeffame, ka Ermiyaas gosa biyya adda addaa mara irratti raaga dubbate lafa san irratti hin fida. \v 14 Isaan gosa biyya addaa heddu'uuf, mootota gugurdo'oofille garba hin te'an; ani akka hujii isaaniititti isaan hin adaba› jedha» jedhe. \s1 Gosa Biyya Adda Addaa Irratti Muraa Waaqaa \p \v 15 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii anaan, «Muduunuu daadhii woyni'ii ta aarii tiyyaan guutante harka kiyya irraa fuudhiitii, gosa biyya adda addaa ta ani si itti ergu kana obaas. \v 16 Isaan yennaa muduunuu tana keessaa unane hin machowan; ani shallaagaa odduu isaaniititti waan erguuf, isaan hin maraatan» jedhe. \p \v 17 Maarre ani muduunuu harka Mootii Waan Maraa irraa fuudhee, gosa biyya adda addaa ta inni na itti erge san mara obaase. \v 18 Yerusaalemii fi qachooti Yihuda'aa, moototii fi qondaaltoti isi'ii akkuma isaan amma jiranu, akka isaan goomolee duwwaa te'anu, akka isaan waan hantuu nami dhaggee bararaqu te'anu, waan nami itti murguu fi waan abaarame akka te'anu, \v 19 mootii Gibxi'ii Fara'oon, tajaajiltoota isaa, qondaaltota isaatii fi kolbaa isaa mara, \v 20 kolbaa ormaa ta achi jirtu mara, mootota biyya Uzii mara, mootota biyya Filisxeemotaa mara mootii Ashiqalonii, mootii Gaaza'aa, mootii Eqrooniitii fi worra Ashidood keessatti hafe mara, \v 21 worra Edoomii, worra Mo'aabii, worra Amoonii, \v 22 mootota Xiiroosiitii fi Sidoonii mara, mootota lafa qarqara abbaaya'aan gamaa keessa jiranu mara, \v 23 worra Dedaanii, worra Tema'aatii fi worra Buzii, worra rifeensa mataa ifii cinaa quxatu mara, \v 24 mootota Arabaa mara, mootota kolbaa ormaa ta goomolee keessa leetu mara, \v 25 mootota Ziimrii mara, mootota Elaamiitii fi mootota Medoonii mara, \v 26 mootota biyya kaabaa ta fago'oo fi dhikoo jiranu mara, woluma gula, mootummoota biyya lafaa mara muduunuu tana keessaa obaase; isaan kana maraan duuba mootiin Sheshaakiille\f + \fr 25:26 \fr*\fqa Sheshaak: \fqa*\ft Maqaa Baabilonii ka dhibi'i.\ft*\f*hin una. \p \v 27 Achiin duuba, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'el anaan, «Ati isaaniin, ‹Ani shallaagaa odduu teessanitti waan erguuf, una'a; machowa'aatii diddiga'a; haganaa achi akka hin kaane jiga'a› jedhi. \v 28 Isaan muduunuu harka keeti irraa fuudhanee uniisa yoo didane ammoo, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Muduunuu tana irraa una'a. \v 29 Ani kunoo, qachaa maqaan kiyya itti waamamutti balaa fidiisa hin jalqaba; isin adabbii jalaa hin baatanii ree? Ani worra lafa irra le'u mara irratti shallaagaa waan fiduuf, isin adabbii jalaa hin baatanu› jedhiin» jedhe. \p \v 30 Tanaaf Mootiin Waan Maraa ammalle, anaan, «Ee Ermiyaas, dubbii tana mara kolbaa tana irratti raagiitii, \q1 « ‹Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa hin iyya; \q2 addee woyyittii ifiitii dhangaa dhowa. \q1 Lafa ifii irratti guddisee dhangaa dhowa; \q2 akka worra woynii cunfuu \q2 qoonqoo guddoo hin dhageessisa; \q2 worra lafa irra le'u maratti hin iyya. \q1 \v 31 Mootiin Waan Maraa \q2 gosa biyya adda addaatitti waan mormuuf, \q2 qoonqoon isaa guddoon \q2 haga qaccee lafaatitti hin dhage'anti. \q1 Inni kolbaa mara irratti hin muraa \q2 worra hamoolee shallaaga'aaf, \q2 dabarsee hin kenna› jedhi» jedhe. \q1 \v 32 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, \q2 «Kunoo badiin biyya takka irraa \q2 gara biyya takkaatitti babadhatiisatti jirti; \q2 bubbeen bokkeyaa jadduun \q2 qaccee lafaa irraa ka'iisatti jirti» jedha. \p \v 33 Guyyaa san reeffi worra Mootiin Waan Maraa ijjeesee, qaccee lafaatii haga qaccee lafaa taanitti, addee maratti hin dhaggama. Reeffi isaanii lafa irratti akka cego'oo te'a malee, nami isaaniif bowu yookiin nami isaan wolitti qabee awwaalu hin jiru. \p \v 34 Isin tissitooti wiiccifadha'aatii bowa'a; \q2 isin sooressitooti kolba'aa \q2 daadhaa keessa gangaladha'a. \q1 Guyyaan isin qalantanu waan dhufeef, \q2 akka okkotee faaraa dansitti'ii jiga'aatii bututa'a. \q1 \v 35 Tissitooti addee itti baqatanu hin qabanu; \q2 sooressitooti addee itti miliqanu hin qabanu. \q1 \v 36 Mootiin Waan Maraa \q2 addee tika isaanii waan balleessaaruuf, \q2 iyya tissitootaatii fi wiiccifata sooressitootaa dhage'a'a. \q1 \v 37 Sababa aarii jadduu Mootii Waan Maraa \q2 addeen isaanii nageellittiin hin baddi. \q1 \v 38 Inni akka neenqaa mandhee ifii keessaa hin baya; \q2 sababa cunqursa'aatii fi aarii jadduu Mootii Waan Maraatiif, \q2 latti hin onti. \c 26 \s1 Raaga Ermiyaas Galma Waaqaa Keessatti Raage \p \v 1 Jalqaba bara ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim Yihudaa irratti mootii te'etti, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa dhufee, \v 2 anaan, «Badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessa dhaabbadhuutii, qachaa Yihuda'aa keessaa kolbaa Waaqonfatiisaaf gara Galma Mootii Waan Maraa dhuttu maratti waan ani si ajaju mara takkattiille adoo hin hamburin himi; jecha tokkolle keessaa hin hamburin. \v 3 Isaan jecha kana caqasanee karaa ifii hamaa irraa adoo deebi'anee, ani sababa hammeenna hujii isaaniitiif badii isaanitti fidiisaaf yaade hin lakkisa. \p \v 4 «Ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Yoo isin na caqasuu diddanee, seera ani isiniif kennelle eegatiisa yoo dhaddane, \v 5 jecha tajaajiltoota tiyya raagotaa, ka ani akka caqattanuuf gara keessan itti deddeebi'ee erge yoo hin caqasin, \v 6 akkuma Shiiloo godhe Galma kanalle hin godha; qachaa kanalle gosa biyya adda addaa oddu'utti ka abaarame hin godha jedha› jedhiin» jedhe. \v 7 Ermiyaas jechoota kana Galma Waaqaa keessatti yennaa dubattu, hayyooti, raagotii fi kolbaan marti dhage'ane. \v 8 Ermiyaas waan Mootiin Waan Maraa akka inni kolba'atti himuuf ajaje mara dubbatee yennaa fixe hayyooti, raagotii fi kolbaan marti isa qabanee, «Ati du'uu qadda! \v 9 Ati, ‹Manni kun akka Shiilo'oo hin te'a; qachaan kunille onee, ka nami keessa hin jirre hin te'a› jettee maqaa Mootii Waan Maraatiin raaga maaf dubbatta?» jedhanee kolbaan marti Galma Waaqaa keessatti itti dacha'anee Ermiyaas marsane. \p \v 10 Qondaaltoti Yihuda'aa waan kana yennaa dhageette, mana mootumma'aa keessaa gara Galma Waaqaa ol bayanee, seensuma balbala dalleya haareyaa, ka Galma Mootii Waan Maraa dura tee'ane. \v 11 Achiin duuba hayyootii fi raagoti, qondaaltotaa fi kolbaa maraan, «Akkuma isin gurra keessaniin dhageettane nami kun qachaa kana irratti raaga waan dubbateef ijjeefamuu qaba» jedhane. \p \v 12 Achiin duuba Ermiyaas qondaaltota maraa fi kolbaa maraan, «Waan isin dhageettane kana mara Galma Mootii Waan Maraatii fi qachaa kana irratti raaga akka dubbadhuuf ka na erge Mootii Waan Maraa ti. \v 13 Tanaaf isin amma karaa keessanii fi hujii teessan sirreeffadha'aatii, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajama'a; innille badii isin irratti fidiisaaf yaade san hin lakkisa. \v 14 Ani ammoo kunoo, harka keessan keessa jira; waanuma dansa'aa fi sirrii te'ee isinitti mudhate na irratti muummessa'a. \v 15 Te'uu malee, akka ani jecha kana mara gurra keessanitti himuuf, dhugumaan Mootiin Waan Maraa waan na ergeef, isin yoo na ijjeettane dhiiga nama yakkaa hin qannee dhangalaasiisaan, isin ifii fi qachaa kana irratti, kolbaa qachaa kana keessa leetu mara irralle'etti yakkaa akka fiddanu beeka'a» jedhe. \p \v 16 Achiin duuba qondaaltotii fi kolbaan marti, hayyootaa fi raagotaan, «Nami kun maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatiin waan nutti dubbateef ijjeefamuu hin qabu» jedhane. \p \v 17 Jaarsolee lafa sanii keessaa gariin ol ka'anee kolbaa achitti wolitti qabante maraan, \v 18 «Nami qachaa Mooresheetii Miikiyaas, bara Hisqiyaas mootii Yihuda'aa te'eerutti, raagee kolbaa Yihuda'aa maraan, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade: \q1 « ‹Xiyoon akka ficha'aa hin qotanti \q2 Yerusaalem tuulaa bututaa hin teeti; \q2 kooba Galma Waaqaa daggalli itti hin lata jedha› jedhe. \m \v 19 «Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaasii fi kolbaan yihuda'aa marti Miikiyaas akka ijjeefamu godhanee ree? Hisqiyaas Mootii Waan Maraa sodaatee araara isa hin kadhannee ree? Mootiin Waan Maraa badii isaan irratti fidiisaaf yaade san hin lakkinnee ree? Nuuti ammoo badii guddoo ifi irratti fidiisatti jirra» jedhane. \p \v 20 Bara san keessa nami dhibiin ilmi Shemaa'iyaa Uriiyaan nami biyya Kiriiyat-Ya'ariimiille akkuma Ermiyaasii qacha'aa fi lafa tana irratti maqaa Mootii Waan Maraatiin raaga dubbateera. \v 21 Mootichi Yehoyaaqiim loltootaa fi qondaaltota ifii mara woliin jecha kana yennaa dhage'e mooticha Uriiyaan ijjeesiisaaf yaade; Uriiyaan ammoo waan kana yennaa dhage'e sodaatee gara biyya Gibxi'ii baqate. \v 22 Te'uu malee mootichi Yehoyaaqiim dhaqanee Uriiyaa akka fidanuuf ilma Akborii Elnaataanii fi namoota dhibii gara biyya Gibxi'ii erge. \v 23 Isaanille Uriiyaa biyya Gibxi'iitii gara mooticha Yehoyaaqiimii fidanee dhufane; mootichille shallaaga'aan isa ijjeesee reeffa isaa addee awwaala kolba'aatitti gatane. \p \v 24 Ilmi Shaafaanii Ahiiqaam Ermiyaas waan qarqaareef, Ermiyaas akka ijjeefamuuf harka kolba'aatitti dabarfamee hin kennanne. \c 27 \s1 Waanjoo Ermiyaas Ba'ate \p \v 1 Jalqaba bara ilmi Yosiyaasii Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'etti, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 2 «Waanjoo hujiitii hudhaa isaatiin morma keetitti hidhadhu. \v 3 Karaa ergantoota worra gara Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa ergamanee Yerusaalem dhufaneetiin gara mootota Edoomii, Mo'aabii, Amoonotaa, Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaansa ergi. \v 4 Dhaansa kana goottolee ifiititti akka himanu ajaji; Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii \v 5 goottolee teessaniin, ‹Ani hunna tiyya guddo'oo fi irree tiyya jaddu'uun lafa, kolba'aa fi bineensota lafa irra jiranu mara dadeera; ani nama isaaf kenniisa barbaadeef isii hin keenna. \v 6 Ani amma biyya tana mara harka tajaajilaa kiyya Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; bineensotille akka isa tajaajilanuuf isaaf kenna. \v 7 Haga guyyaan biyyi isaa qabatantu dhufutti, gosi biyya adda addaa marti isa, ilma isaatii fi ilma ilma isaa hin tajaajilan; achiin duuba gosi biyya adda addaatii fi moototi hunnaameyyiin garba ifii isa hin godhatan. \p \v 8 « ‹Kolbaa yookiin mootummaa Nebukadnezaarii mootii Yihuda'aa hin tajaajille yookiin waanjoo isaa jalatti morma ifii gad qabattee, waanjoo mootii Baabilonii hin ba'anne ammoo ani haga kolbaa san harka mootii Baabiloniitiin ijjumaa balleessutti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin adaba jedha› jedha'aatii hima'a. \v 9 Tanaaf, isin raagota keessanii fi mortoota teessan, worra oojjuu hiiku, worra ekeraa dubbisu, worra xanoo xanu ka ‹Mootii Baabilonii hin tajaajiltanu› jedhanu hin caqasina'a. \v 10 Isaan akka lafa teessan keessaa baatanu, akka ani isin balleesseeruun baddanu, raaga dharaa isiniif raagan. \v 11 Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa morma ifii gad qabattee waanjoo mootii Baabilonii ba'attee isa tajaajiltu ammoo lafa ifii keessa teettee akka qotattu hin lakkisa› jedha» jedhe. \p \v 12 Anille erguma tana mootii Yihuda'aa Zedeqiiya'atti himee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Morma keessan gad qabadha'aatii waanjoo mootii Baabilonii ba'adha'a. Isa fi kolbaa isaa tajaajila'a. Tana yoo gootane jiru'uun hin jiraattan› jedha. \v 13 Atii fi kolbaan teeti shallaagaa, beelaa fi balaa Mootiin Waan Maraa kolbaa mootii Baabilonii hin tajaajilletti fidiisaaf dubbate saniin maaf dhumattan ree? \v 14 Jecha raagoti, ‹Mootii Baabilonii hin tajaajiltanu› jedhaa raaga dharaa dubbattu hin caqasina'a. \v 15 Mootiin Waan Maraa ‹Ani isaan hin ergine; isaan maqaa kiyyaan raaga dharaa raagan. Tanaaf, ani isinii fi raagota raaga dharaa isiniif raaganu hin balleessa; isin lamaanuu hin baddan› jedha» jedhe. \p \v 16 Achiin duuba ani hayyootaa fi kolbaa tana maraan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Raagota: mey Galma Mootii Waan Maraa Baabilon keessaa ariiti'iin hin deebi'a jedhaa raaga dharaa raaganu hin caqasina'a› jedha. \v 17 Isaan hin caqasina'a. Jiru'uun jiraattanu motii Baabilonii tajaajila'a. Qachaan kun maaf diigama ree? \v 18 Isaan raagota yoo te'ane, jechi Mootii Waan Maraalle isaan keessa yoo jiraate, mey Galma Mootii Waan Maraa keessatti, mana mootummaa Yihuda'aa keessatti, Yerusaalem keessalle'etti hafe, gara Baabilonii booji'amee akka hin fudhatanne Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kadhatanuu ti» jedhee hime. \p \v 19 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo utuboota lama ka Galma Waaqaa duraa, marroo waabaa bisaanii, marroo waan meya irra keyanu ka korboo qabuutii fi marroo meya dhibii qachaa kana keessatti hafee, \v 20 ka mootiin Baabilonii Nebukadnezaar yennaa ilma Yehoyaaqiimii Yekoniyaa mootii Yihuda'aa, qondaaltota Yihuda'aatii fi Yerusaalemii booji'ee gara Baabilonii geessee achitti hamburee, \v 21 marroo meya Galma Waaqaa keessatti, mana mootummaa Yihuda'aa keessatti, Yerusaalem keessalle'etti hafeetiif, \v 22 «Mey kun gara Baabilonii hin fudhataman; haga guyyaa ani isaaniif yaadadhee achii isaan deebisee gara mana mootumma'aa kana isaan fidu dhufutti achuma hin turan» jedha. \c 28 \s1 Ermiyaasii Fi Hanaaniyaa Raagicha \p \v 1 Jalqaba bara Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'e, woggaa arfeesso'oo wogguma san, ji'a shaneesso'ootitti, ilmi Azurii Hanaaniyaan raagichi nami qachaa Giibe'onii Galma Waaqaa keessatti hayyootaa fi kolbaa mara duratti Ermiyaasiin, \v 2 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Waanjoo mootii Baabilonii hin cassa; \v 3 Meya Galma Mootii Waan Maraa ka mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, addee tanaa gara Baabilonii geesse mara, woggaa lama keessatti deebisee gara addee tanaa hin fida. \v 4 Ani Waanjoo mootii Baabilonii waan cassuuf, mootii Yihuda'aa ilma Yehoyaaqiimii Yekoniya'aa fi worra isa woliin booji'amee gara Baabilonii dhaqe maralle gara addee tanaa deebisee hin fida› jedha» jedhe. \p \v 5 Achiin duuba ani raagichi Ermiyaas hayyootaa fi kolbaa Galma Mootii Waan Maraa keessa dhaabbataneeranu mara duratti Hanaaniya'aan, \v 6 «Ameen! Mootiin Waan Maraa akkuma ati jette godhuu ti; meya Galma Mootii Waan Maraatii fi worra booji'ame mara Baabilon keessaa gara addee tanaa deebisiisaan Mootiin Waan Maraa raaga ati dubbatte kana muummessuu ti! \v 7 Te'uu malee, waan ani si'itti, kolbaa tanalle'etti dubbadhu caqasi. \v 8 Raagoti durii worri anaa fi si'iin duraa biyya heddu'uu fi mootummoota gugurdoo irratti lolli, badi'ii fi balaan akka dhufu raaganeeran. \v 9 Ammoo raagichi tokko marroo nageyaa raagee, raagi isaa sun yoo muummowe, Mootiin Waan Maraa dhugumaan akka isa erge hin beekkama» jedhe. \v 10 Achiin duuba Hanaaniyaan raagichi waanjoo morma ana raagicha Ermiyaas irraa fuudhee cassee \v 11 kolbaa mara duratti, «Mootiin Waan Maraa, ‹Woggaa lama keessatti waanjoo Nebukadnezaarii mootii Baabilonii morma gosa biyya adda addaa mara irraa akkuma kana hin cassa› jedha» jedhe; achiin duuba ani raagichi Ermiyaas karaa kiyya deeme. \s1 Ermiyaas Ammalle Hanaaniyaa Mormee Raaga Dubbate \p \v 12 Hanaaniyaan raagichi waanjoo san morma Ermiyaasii irraa fuudhee eega casse yennaa diqqo'oon duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 13 «Dhaqii Hanaaniya'aan, Mootiin Waan Maraa, ‹Ati waanjoo mukaa cassiteerta; addee waanjoo saniititti waanjoo sibiilaa hujjee bakka hin buutta jedha› jedhiin» jedhe. \v 14 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, «Mootii Baabilonii Nebukadnezaar akka tajaajilanuuf morma gosa biyya adda addaa tana maraa irra waanjoo sibiilaa hin keya; isaanille isa hin tajaajilan; akka inni bineensotalle bulchu hin godha» jedha. \p \v 15 Achiin duuba raagichi Ermiyaas, Hanaaniyaa raagichaan, «Hanaaniya'a, caqasi! Ati Mootiin Waan Maraa adoo si hin ergin kolbaan tun dharatti akka addattu gooteerta; \v 16 tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani lafa irraa si hin balleessa; ati kolbaan tun ana Mootii Waan Maraa irratti akka kaatu waan gooteef, wogguma tana hin duuta› jedha» jedhe. \v 17 Hanaaniyaan raagichille baruma san ji'a torbeesso'ootitti du'e. \c 29 \s1 Ermiyaas Gara Worra Booji'amee Baabilon Keessa Jiruu Xalayaa barreesse \p \v 1 Ermiyaasiin raagichi Yerusaalem irraa gara jaarsolee lubbu'uun hafanee worra booji'ame odduu jiranuu, hayyootaaf, raagotaa fi kolbaa Nebukadnezaar Yerusaalem keessaa gara Baabilonii booji'ee geesse maraaf, xalayaan erge ka asii gad jiru; \v 2 inni xalayaa kana mootichi Yekoniya'aa fi giittiin haati isaa, qondaaltoti mana mootummaa isaa, bulchitooti Yihuda'aatii fi Yerusaalemii, worri hujii harkaa hujuu fi worri sibiila tumu Yerusaalem keessaa booji'amanee fudhatamaneen duuba barreesse. \v 3 Xalayaa kanalle worra mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa biraa gara mootii Baabilonii Nebukadnezaarii ergamane, harka El'aasaa ilma Shaafaaniitii fi harka Gemaariyaa ilma Hilqiiya'aatitti erge; xalayaan sun, \p \v 4 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, worra Yerusaalem keessaa gara Baabilonii akka booji'amanu godheen, \v 5 ‹Mana ijaaradha'aatii keessa tee'a'a; ficha'atti woy dhaabadha'aatii midhaan irraa dhaggatane nyaadha'a; \v 6 Niitii fuudha'aatii ilmaa fi intala uumadha'a; ilmaan teessan fuusifadha'aatii durra teessanille heerumsiifadha'a; isaan ijoollee horanuu ti; laakkossi isaanii bacatuutii malee hin diqqaatin. \v 7 Qachaa ani akka isin booji'antanee itti geeffantanu godheefille, nageyaa fi qananummaa halcha'aaf; qachaa saniif gara Mootiin Waan Maraa daadimadha'a; sababille qachaan sun yoo nageya qabaate, isinille nageya hin qabaattan› jedhee dubbateera» ka jedhu. \v 8 Ee, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqa Israa'elii, «Raagotii fi worri moru ka odduu teessan jiranu isin hin sobin; oojjuu isaan isiniif oojjatanulle hin caqasina'a. \v 9 Isaan maqaa kiyyaan raaga dharaa raagan malee ani isaan hin ergine» jedha. \p \v 10 Mootiin Waan Maraa, «Woggaan torbaatam isin Baabilon keessa turtanu yennaa hobbaate ani isin hin ilaala; gara addee tanaa isin deebisiisaaf, waadaa kiyya dansaa isiniif gale san hin muummessa. \v 11 Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti. \v 12 Isinille gara kiyya dhuttanee maqaa kiyya waammattaa gara kiyya hin daadimattan; anille isiniif hin dhage'a. \v 13 Isin na hin barbaaddan; gadhaa tokkochaan yoo na barbaaddane na hin dhaggitan. \v 14 Anille akka isin na dhaggitanu hin godha; boojuu keessalle'ee isin hin deebisa; gosa biyya adda addaatii fi addee isin itti bittinneesse mara keessaa wolitti isin qabee gara lafa akka isin keessaa booji'antanu godhetti isin hin deebisa» jedha. \p \v 15 Isinille, «Biyya Baabilonii keessatti Mootiin Waan Maraa raagota nu'uuf kaaseera» hin jettan. \v 16 Mootiin Waan Maraa ammoo marroo mooticha barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'eeruutii fi marroo kolbaa isin woliin adoo hin booji'amin hafanee qachaa kana keessa jiranuu, \v 17 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani shallaagaa, beelaa fi balaa isaanitti ergee, akka midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeennee isaan hin godha. \v 18 Ani shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin ari'a; mootummoota biyya lafaa mara duratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha; gosa biyya adda addaa oddu'utti addee isaan itti bittinneesselle'etti akka abaaramanuu fi jibbamanu, akka isaanitti murganuu fi akka isaanitti cooranu hin godha. \v 19 Isaan jecha ani karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin itti deddeebi'ee isaanitti ergee hin dhageenne; isin worri booji'antanelle jecha kiyya hin dhageenne. \v 20 Tanaaf isin worri ani akka isin Yerusaalem keessaa booji'antanee gara Baabilonii ergantanu godhe marti, jecha ani Mootiin Waan Maraa dubbadhu dhage'a'a!» jedha. \p \v 21 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo Ahaabii ilma Kolaaya'aatii fi Zedeqiiyaa ilma Ma'aseya'aa worra maqaa isaatiin raaga dharaa raaganuun, «Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee isaan hin kenna; innille iluma teessan duratti isaan hin ijjeesa. \v 22 Worri Yihudaa keessaa booji'amee Baabilon keessa jiru marti, ‹Akkuma mootiin Baabilonii Zedeqiiya'aa fi Ahaab ibiddaan gube, Mootiin Waan Maraa si gubu› jedhaa wol abaaran. \v 23 Isaan niitota namoota dhibi'ii gaarayyeeffatanee dubbii ani isaan hin ajajin maqaa kiyyaan dhara dubbatanee, Israa'el keessatti waan nama qaanessu hujaneeran; ani tana waan beekuuf, dhugaa hin baya» jedha. \s1 Xalayaa Gara Shemaa'iya'aa Ergame \p \v 24 Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamiititti ergaa akka himu Mootiin Waan Maraa Ermiyaas ajajee, \v 25 Shemaa'iyaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, ‹Ati kolbaa Yerusaalem keessa jirtu maraaf, ilma Ma'aseya'aa hayyicha Sefaaniya'aaf, hayyoota dhibii maralle'eef, maqaa keetiin xalayaa ergitee, Sefaaniya'aan: \v 26 Galma Waaqaa keessatti itti gaafatamaa akka teetuuf Mootiin Waan Maraa addee hayyicha Yoyaada'aa hayyicha si godheera; ati nama maraataa raaga dharaa raagu miila isaa jirma lama wodhakka'atti, morma isaa sibiila wodhakka'atti hidhuu qadda. \v 27 Maarre ati amma Ermiyaasii nama biyya Anaatotii ka akka raagichaa dubbatu maaf hin xixin ree? \v 28 Inni yennaa hedduu achi waan turtanuuf, mana ijaarannee keessa akka teennu; ficha'atti woy dhaabbannee midhaan irraa dhagganne akka nyaannu xalayaa kana gara biyya Baabilonii nutti ergeera› jetteerta» jedhe. \p \v 29 Hayyichi Sefaaniyaan xalayaa san raagicha Ermiyaasiif dubbise. \v 30 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 31 «Ergaa tana gara worra booji'ameeru maraa ergiitii, ‹Mootiin Waan Maraa marroo Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamii: Ani adoo isa hin ergin Shemaa'iyaan raaga isiniif raagee waan dharaa akka isin dhugeeffattanu waan godheef, \v 32 ani dhugumaan Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamiitii fi sanyii isaa hin adaba; inni namooti na irratti akka ka'anu waan godheef, odduu kolbaa tanaatitti nama isaaf hafu hin qabaatu; inni waan dansaa ani kolbaa tiyyaaf godhulle hin dhaggu jedha› jedhiin» jedhe. \c 30 \s1 Waadaa Waaqi Kolbaa Ifiitiif Gale \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru; \v 2 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, «Jecha ani si'itti dubbadhe mara kitaabatti barreessi. \v 3 Kunoo barri ani kolbaa tiyya Israa'elii fi Yihudaa boojuu keessaa deebisu dhufiisatti jira; ani gara lafa abbootii isaaniitiif kennetti isaan hin deebisa; latti sunille ta isaanii hin teeti» jedhe. \p \v 4 Mootiin Waan Maraa marroo Israa'eliitii fi Yihuda'aa dubbatee, \q1 \v 5 «Isin, ‹Nuuti iyya soda'aatii fi \q2 bararaqiisaa dhageenneerra; \q2 nageennille hin jiru› jettaneertan. \q1 \v 6 Me, gaafadha'aatii ilaala'a! \q2 Dhiirti deyuu hin dandeettii? \q1 Maaf dhiirti marti \q2 akka dubartii ciniinsifattuu \q2 harka ifiitiin gadhaa ifii qabattee \q2 fuulli nama maraa shankaloweeruun \q2 dhagga ree? \q1 \v 7 Aanne'e! Guyyaan sun \q2 guyyaa hama'a; \q2 guyyaan akka isaa hin jiraatu. \q1 Sanyii Yaaqoobiitiif guyyaa rakkinnaa ti; \q2 isaan ammoo kanuma keessaa hin hafan» jedhe. \b \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani guyyaa san, \q2 waanjoo morma isaanii irraa fuudhee hin cassa; \q2 hidhaana isaanille hin kuta; \q2 haganaa achi ormi garba isaan hin godhatu; \q2 \v 9 isaan ammoo ana Mootii Waan Maraa Waaqaa ifiitii fi \q2 sanyii Daawitii keessaa mooticha ani isaanii kaasu \q2 hin tajaajilan. \q1 \v 10 Maarre, ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob, hin sodaatin! \q2 Ee kolbaa Israa'elii hin rifatina'a! \q1 Ani dhugumaan biyya fago'oo irraa isin hin deebisa; \q2 sanyii teessanille \q2 lafa isaan itti booji'amane keessaa hin deebisa. \q1 Yaaqoob deebi'ee bidhaa malee nageyaan hin le'a; \q2 ka isa sodaachisulle hin jiru. \q1 \v 11 Ani isin woliin jira; \q2 isin hin gargaara; \q2 gosa biyya adda addaa \q2 ta odduu isaaniititti isin bittinneesse mara \q2 ijjumaa hin balleessa; \q2 isin ammoo guutumatti hin balleessu; \q2 te'uu malee adoo hin adabin isin hin lakkisu» jedhe. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa, \q1 «Madaan teessan ta hin fayyine; \q2 miidham keessanille ka hin fayyine. \q1 \v 13 Nami isiniif falmatu hin jiru; \q2 madaa teessaniif qorsi hin jiru; \q2 isin hin fayyitanu. \q1 \v 14 Jaaloti teessan marti isin dedhaneeran; \q2 isaan haajaa keessan hin qabanu. \q1 Yakkaan teessan guddoo \q2 cubbuun teessanille bacaa waan teeteef, \q2 ani akkuma diina dhowanu isin dhowee, \q2 marartii maleelle isin adabe. \q1 \v 15 Isin madaa teessan ta hin fayyineef, \q2 dhukkubbii madaa teessaniitiif maaf boottan? \q1 Yakkaan teessan guddoo, \q2 cubbuun teessanille bacaa waan teeteef, \q2 ani waan kana mara isin irratti godheera. \q1 \v 16 Amma ammoo Worri isin balleessu marti hin bada; \q2 diinoti keessan martinuu hin booji'aman; \q2 worri isin saamu hin saamama; \q2 worri isin dannabu marti hin dannabama. \q1 \v 17 Diinoti keessan isiniin, ‹Xiyoon gatanteerti; \q2 ka haajaa isi'ii qabu hin jiru› jedhanulle \q2 ani ammoo fayya'atti isin hin deebisa; \q2 madaa teessanille hin fayyisa. \p \v 18 «Kunoo, ani kolbaa tiyya \q2 worra sanyii Yaaqoobii keessaa booji'ame hin deebisa; \q2 addee isaan le'anutti isaaniif hin marara. \q1 Qachaan Yerusaalemii \q2 addee duriititti deebi'ee hin ijaarama; \q2 manni mootumma'aalle a \q2 ddee duriititti deebi'ee hin ijaarama. \q1 \v 19 Achi keessaa faaruun galataatii fi \q2 qoonqoo firinxiixaa hin dhage'anti. \q1 Ani isaan hin baceessa malee, \q2 laakkossa isaanii hin diqqeessu; \q1 Ani ulfinna isaaniif hin kenna malee \q2 isaan hin salphatanu. \q1 \v 20 Ijoolleen isaanii akkuma durii hin teeti; \q2 kolbaan isaanii fuula kiyya duratti \q2 jabaattee hin dhaabbatti; \q2 ani worra isaan cunqursu mara hin adaba. \q1 \v 21 Namuma isaaniititti isaan sooressa; \q2 ka isaan bulchulle odduma isaaniitii hin dhalata. \q1 Ani gara kiyya isa hin dhikeessa; \q2 innille natti hin dhikaata; \q2 yoo akkas hin te'in eentu gara kiyya dhikaatiisaaf gama? \q1 \v 22 Maarre isin kolbaa tiyya hin teetan; \q2 anille Waaqa keessan hin te'a» jedha. \b \q1 \v 23 Kunoo mufiin Mootii Waan Maraa \q2 ta akka bubbee bokkeyaa hin kaati; \q2 hobonbolattiin mataa worra hamoole'ee irratti hin buuti. \q1 \v 24 Mootiin Waan Maraa fedhii ifii adoo hin muummessin \q2 mufiin isaa duubatti hin deebitu; \q2 bara dhufu'uu jiru keessatti akka dansaa hin hubattan. \c 31 \s1 Kolbaan Israa'elii Gara Biyya Ifii Deebite \p \v 1 Mootiin Waan Maraa «Bara san ani fira Israa'elii maraaf Waaqa hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an. \v 2 Kolbaan shallaagaa jalaa hatte, goomolee keessatti fudhatama hin dhaggatti; ani foora Israa'elii kenniisaaf hin dhufa» jedha. \v 3 Mootiin Waan Maraa fagoo irraa natti mudhatee, «Ani Jaalala bara baraatiin si jaaladheera; tanaaf gadhi laafummaa tiyya sitti mudhiseera. \v 4 Ee kolbaa Israa'elii ani deebisee isin hin ijaara; isinille deebitanee hin ijaarantan; ammalle dibbee teessan qabattanee worra burraaqu woliin hin burraaxxan. \v 5 Ammalle isin gaara Samaariya'aa irratti muka woyni'ii hin dhaabbatan; worri isii dhaabe midhaan isi'ii hin nyaata. \v 6 Guyyaan Eeddoti kooba Efreemii irratti, ‹Kowa'a, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa \q2 Xiyoonitti ol baana› jedhanee iyyanu hin dhufa. \b \q1 \v 7 «Marroo kolbaa Yaaqoobiitiif gammadaan faarsa'a! \q2 Sooressa guddaa gosa biyya adda addaa \q2 kolbaa Israa'eliitiif ilillisa'a. \q1 Leellisa keessan dhageessisaa, \q2 ‹Ee Mootiin Waan Maraa, \q2 kolbaa Israa'elii keessaa worra lubbu'uun hafe baasi!› jedha'a. \q1 \v 8 Kunoo, ani lafa kaabaa irraa isaan hin fida; \q2 qaccee lafaa irralle'ee isaan wolitti hin qaba. \q1 Naafaa fi ballaan, \q2 dubartiin ulfaatii fi ta ciniinsifattu odduu isaanii jiran; \q2 isaan kolbaa hedduu te'anee hin deebi'an. \q1 \v 9 Yennaa ani gara biyya isaanii isaan deebisu, \q2 gammadaan bowaa daadimataa hin deebi'an. \q1 Ani Israa'eliif abbaa, \q2 Efreemille ilma kiyya angafichaa waan te'eef, \q2 ani qarqara madda bisaanii, \q2 karaa gufuu hin qanne, \q2 ka isaan hin gufanne irra isaan hin sooressa. \b \q1 \v 10 «Ee gosa biyya adda addaa, \q2 jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! \q1 Lafa qarqara abbaaya'aa ta fago'oo irraa, \q2 ‹Ka Israa'el bittinneesse wolitti isaan qabee, \q2 akka tisse'ee hoolee ifii hin eega› jedha'aatii lallaba'a. \q1 \v 11 Ani sanyii Yaaqoobii hin woda; \q2 harka worra isaan caaluu keessalle'ee isaan hin baasa. \q1 \v 12 Isaan dhufanee gaara Xiyoonii irratti \q2 gammadaan hin faarsan; \q2 arjooma kiyya, \q2 ka midhaaniitiin, \q2 ka daadhii woyni'ii o'itu'uu fi zayitii ejersaatiin, \q2 ka buruusoo hoole'eetii fi re'e'eetiin, \q2 ka raadaa fi jibichaatiin hin gammadan. \q1 Isaan akka oorruu bisaan keessa yaa'uu hin te'an; \q2 haganaa achi hin gaggabanu. \q1 \v 13 Ijoolleen isaanii ta durraa gammadaan hin sirban; \q2 dargaggooti dhiiraatii fi jaarsoleen isaaniille hin firinxiixan. \q1 Ani bowa isaanii gara gammadaa hin jijjiira; \q2 gadda isaanii irraa isaan jajjabeessee \q2 gammada isaaniif hin kenna. \q1 \v 14 Ani hayyoota tiyya coomaan hin quussa; \q2 kolbaan tiyyalle arjooma kiyyaan hin quutti» jedhe. \p \v 15 Mootiin Waan Maraa, «Qoonqoon wiiccifataatii fi \q2 bowicha gudda'aa \q2 Raamaa keessatti dhage'ante. \q1 Raahel ijoollee ifiitiif bootte; \q2 ijoolleen isi'ii waan hin jirreef \q2 jajjabaatuu didde» jedha. \p \v 16 Mootiin Waan Maraa Raaheliin, \q2 «Ati hujii teetiif gatii waan dhaggattuuf, \q2 qoonqoo teeti bowicha irraa, \q2 ila teeti imimmaan irraa eegadhu; \q2 ijoolleen teeti lafa diinaatii hin deebiti. \q1 \v 17 Maarre ati gara duraatiif addii qadda; \q2 ijoolleen teeti gara biyya ifii hin deebiti» jedha. \b \q1 \v 18 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Ani dhugumaan aadiisa Efreemii dhage'eera; \q2 inni, ‹Ati akka jibicha hin leenjifaminii \q2 na adaddee anille adabame; \q2 ati Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya waan teeteef, \q2 na deebisi, anille hin deebi'a. \q1 \v 19 Ani si irraa fagaadheen duuba, deebi'ee gaabbe; \q2 ani hubadheen duuba gaddee qoma tiyya dhowadhe. \q1 Sababa balleessaa bara dargagummaa tiyyaatiif fokkifadhee \q2 salphadhe› jedha. \q1 \v 20 Efreem ilma ani jaaladhu, \q2 ka ani itti gammaduu motii? \q1 Yennaa maqaa isaa dhowu mara, \q2 ani jaalalaan isa qaabadha. \q2 Tanaaf gadhaan kiyya isa dharra'a; \q2 ani dhugumaan marartii guddoo isaaf qaba. \q1 \v 21 Ee Israa'el, karaa keetiif beessisa dhaabbadhu; \q2 waan karaa mudhisu keyadhu; \q2 karaa guddaa irra deentu hubadhu; \q2 gara qachaa keetii deebi'i. \q1 \v 22 Ee ati ta akka intala durraa ta hin addatannee, \q2 haga yoomii asii fi achi joonjita? \q2 Mootiin Waan Maraa waan haareya lafa irratti hin dada. \q1 Kunille, Israa'el waajibittiin Mootii Waan Maraa \q2 dhirsa ifii jabaa Mootii Waan Maraa hin hanqaffatti\f + \fr 31:22 \fr*\fqa Afaan Hibru'uu laakkossa kana irratti akka dansaa ifaa moti; te'uu malee addee tana keessatti hiikkaan tun irra caalaa fudhatama qaddi fakkaatti.\fqa*\f*» jedha. \p \v 23 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Ani lafa isaan itti booji'amane keessaa gara lafa isaanii yennaa isaan deebisu, isaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa achi keessaa keessatti, ‹Ee addee balchitti'i, ee gaara woyyicha, Mootiin Waan Maraa si eebbisu› hin jedhan. \v 24 Yihuda'aa fi qachoota Yihuda'aa keessa qonnaan bula'aa fi horsiisee bulaan marti woliin hin le'an. \v 25 Ani worra dadhabe, hunna isaanii hin haaressa; worra beelaan gaggabe hin quussa» jedha. \v 26 Kana irratti ani hirriiba natti mi'oweeru irraa dammaqee asii fi achi ilaale. \p \v 27 Mootiin Waan Maraa, «Barri ani mana Israa'eliitii fi Yihuda'aa namaa fi hori'iin guutu hin dhufa. \v 28 Akka isaan buqqifamanu, akka isaan diigamanu, akka isaan badanu, balaa isaan irratti fidiisaafille akkuma xiyyeeffadhe, ani isaan ijaariisaa fi dhaabiisaafille hin xiyyeeffadha. \v 29 Bara san nami isaaniin, ‹Abbootiin isaanii midhaan woyni'ii dhangaggowaa nyaatanee, ijoolleen isaanii ilkaan tutume› deebi'anee hin jedhanu. \b \q1 \v 30 «Ammoo nami martinuu cubbuma ifiitiif hin du'a; \q2 ka midhaan woyni'ii dhangaggowaa nyaate marti, \q2 ilkaanuma ifii hin tutuma. \p \v 31 «Barri ani kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa woliin gondooroo haareya godhadhu hin dhufa. \v 32 Gondooroon tun ta akka gondooroo yennaa abbootii isaanii biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf, harka qabee isaan sooresseetii moti; ani abbaa manaa isaanii te'ulle isaan gondooroo tiyya waan diiganeef ani dudda isaanitti gale. \v 33 Gondooroon ani bara san kolbaa Israa'elii woliin godhadhu ta asii gad jirtu tana: ani seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya; gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa. Ani Waaqa isaanii hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an. \v 34 Ani yakkaa isaanii isaaniif hin araarama; cubbuu isaaniille deebi'ee isaanitti hin laakkowu; isaan marti diqqa'aa haga gudda'aatitti na waan beekanuuf, haganaa achi nami tokko ollaa ifii yookiin fira ifii, ‹Mootii Waan Maraa beeki› jedhee hin barsiisu» jedha. \q1 \v 35 Aduun guyyaa akka issitu, \q2 ji'aa fi urjiin halkan akka issanu, \q2 abbaayaa raasee, \q2 danbaliin akka shookkittu ka godhe, \q2 maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade. \q1 \v 36 Inni, «Seerri jabaatee dhaabbate kun fuula kiyya duraa yoo bade qofa, \q2 sanyiin Israa'elii kolbaa tiyya te'iisa lakkittee, \q2 fuula kiyya duraa ijjumaa baddi» jedha. \p \v 37 Mootiin Waan Maraa, «Ol-gubbaan mikantee\f + \fr 31:37 \fr*\fqa Mikantee: \fqa*\ft Hagam akka dheerattuu fi badhattu meeshaa miki'iitiin yoo beekkante jechu'u.\ft*\f* hundeen lafaalle qorqorantee yoo beekkante qofa, ani sanyii Israa'elii sababa waan isaan hujane maraatiif isaan hin gata» jedha. \p \v 38 Mootiin Waan Maraa, «Barri qachaan Yerusaalemii Xelleephoo Hanaani'elii irraa ka'ee haga karra roga dalleyaatitti deebi'ee naaf ijaaramu hin dhufa. \v 39 Meessaan achii ka'ee haga kooba Gaarebii dhaqee gara Go'aatitti marfata. \v 40 Dhooqi reeffi itti awwaalamuu fi daadhaan itti gatamu, fichaan odduu san jiru marti, haga dhooqa Qedrooniititti, karaa aduun baatulle'een haga karra fardo'oo ta roga dalleya qacha'aatitti, Mootii Waan Maraatiif ka woyyoomane hin te'an. Qachaan Yerusaalemii haganaa achi deebi'ee hin diigamu, hin badulle'e» jedhe. \c 32 \s1 Ermiyaas Fichaa Bitate \p \v 1 Zedeqiiyaan mootii biyya Yihuda'aa te'ee woggaa kudhaneesso'ootitti, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru: \v 2 Yennaa san loltooti mootii Baabilonii Yerusaalem marsaneeraniiyyu; raagichi Ermiyaasille kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa duraa keessatti hidhameeraayyu. \v 3 Mootiin Yihuda'aa Zedeqiiyaan ka inni waan Mootiin Waan Maraa isatti mudhise raaga dubbateef isa hidhe sun, «Ati maaniif, ‹Mootiin Waan Maraa: Kunoo ani qachaa kana harka mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; innille hin qabata. \v 4 Mootiin Yihuda'aa Zedeqiiyaalle dhugumaan harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama malee isa jalaa hin miliqu; inni mootii Baabilonii ilaan dhaggee, isa dura dhaabbatee, isa woliin hin dubbata. \v 5 Inni Zedeqiiyaa gara Baabilonii hin geessa; haga ani murtee isaaf kennutti inni achuma tura; worra Baabilonotaa yoo loltanelle hin injifattanu jedha› jette» jedhe. \p \v 6 Ermiyaas, «Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 7 ‹Hanaami'el ilmi obboleessa abbaa keetii Shaalum, gara keeti dhufee: Ati fira aanti'ii waan teeteef, fichaa kiyya ka qachaa Anaatotii bira jiru, akka seeraatitti wodatiisaaf mirga qadda si'iin hin jedha› anaan jedhe. \p \v 8 «Akkuma jechi Mootii Waan Maraa jedhe, ilmi obboleessa abbaa kiyyaa Hanaami'el badhinna mana hidha'aa ka addee eeddotaatitti gara kiyya dhufee, ‹Fichaa kiyya ka qachaa Anaatotii bira lafa Beniyaaminii keessa jiru akka seeraatitti wodatiisaaf nami mirga qabu si waan teeteef, wodadhuu ifiif hamburadhu› anaan jedhe; maarre anille tun akka jecha Mootii Waan Maraa teete beekee, \v 9 lafa Hanaami'elii ilma obboleessa abbaa kiyyaa ta qachaa Anaatotii bira jiru san meetii gara giraama dhibba lamaa kennee irraa bitadhe. \v 10 Wolii galtee bitta'aa san addee dhugaa baatoti jirtutti itti mallatteessee chaappaa itti dhowe; meetiille madaala irratti isaaf madaale. \v 11 Achiin duuba garagalcha wolii galtee bitta'aa ta chaappaan itti dhowamee fi ta chaappaan itti hin dhowamin fuudhee, \v 12 ilma obboleessa abbaa kiyyaa Hanaami'el, dhugaa baatota wolii galtee irratti mallatteessanee fi Yihudoota badhinna mana hidha'aa tee'aneeranu mara duratti, akaakoo Maaseya'aa, ilma Neriiya'aa Baarukitti kenne. \v 13 Isaanuma duratti qajeelfama kana Baarukitti kennee: \v 14 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Wolii galtee bitta'aa ta chaappaan itti dhowamee fi ta chaappaan itti hin dhowamin tana fuudhiitii, akka isiin yennaa hedduu turtuuf, okkotee keessatti massi. \v 15 Lafa tana keessatti namooti mana, ficha'aa fi oorruu muka woynii itti dhaabbatanu yennaan bitatanu hin dhutti jedha› jedhiin» jedhe. \s1 Daadimata Ermiyaasii \p \v 16 Wolii galtee bitta'aa ilma Neriiya'aa Baarukitti kenneen duuba, ani gara Mootii Waan Maraa daadimadhee, \v 17 «Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Ati jabeenna keeti gudda'aa fi irree teeti hunnaametti'iin lafaa fi ol-gubbaa daddeerta; wonni ati hin dandeenne takkaalle hin jirtu. \v 18 Ati namoota kuma heddu'uuf jaalala keeti ka bara baraa hin mudhitta; te'uu malee, yakkaa abbooti'ii sanyii isaaniititti hin laakkotta. Ati Waaqa guddaa hunnaamesa; maqaan keeti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dade. \v 19 Kaayoon teeti guddo'o; hujiin teetille hunnaametti'i. Ilti teeti waan ilmaan namaa hujju mara dhaggiti; tokko tokkoofuu akka ideensa isaatii fi akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kennita. \v 20 Ati beessisa bilbaasaatii fi maadee biyya Gibxi'ii keessatti hujjeerta; haga adhalle Israa'elii fi ilmaan namaa mara oddu'utti akkasuma hujiisatti jirta; tanaaf maqaan keeti biyya mara keessatti haga adhaa beekkame. \v 21 Ati beessisaa fi maade'een, jabeenna keeti gudda'aa fi irree teeti hunnaametti'iin, waan guddoo nama bararassuun kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa baatteerta; \v 22 lafa abbootii isaanii ta duriitiif kenniisaaf kakatte, lafa aananii fi dammaa tana isaaniif kennite. \v 23 Isaanille lafa sanitti galanee qabatane; isaan ammoo si'iif hin ajajane yookiin seera keeti hin eegane; waan ati isaan ajajjelle hin muummessine; tanaaf ati badii tana mara isaanitti fidde. \p \v 24 «Worri Baabilonii qachaa qabatiisaaf kaabii attam akka itti marsanee ijaaranee ilaali; sababa woraanaatiin, sababa beelaatii fi bala'aatiin worra qachaa kana loliisatti jiru harka worra Baabiloniititti qachaan kun dabarfamee hin kennama. Kunoo akkuma ati dhaggitu, wonni ati dubbatte teeteerti. \v 25 Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Qachaan harka worra Baabiloniititti dabarfamee akka kennamu adoo beettuu ati, ‹Dhugaa baatota biratti meeti'iin lafa bitadhu› naan jettee?» jedhe. \p \v 26 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 27 «Ani Mootii Waan Maraa Waaqa nama maraa ti; wonni ani hin dandeenne jirtii ree? \v 28 Tanaaf Ani qachaa kana harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; innille hin qabata. \v 29 Worri Baabilonii ka qachaa kana loliisatti jiru, seenanee qachaa kana ibiddaan hin guban; mana isaan na aarsiisaaf heellichoo manaa irratti hixaana Ba'aaliif aarsanuu fi mana isaan waaqota dhibi'iif kennansa daadhii woyni'ii itti dhikeessanu san mara hin guban. \v 30 Kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa jalqabuma irraa jalqabanee fuula kiyya duratti waan hantuu qofa hujane; isaan waan harka ifiitiin hujaneen na aarsane malee wonni isaan hujane takkaalle hin jirtu. \v 31 Isaan qachaa kana haga ijaarameen jalqabanee haga ammaatitti na aarsanee waan na mufachiisaneef ani qachaa kana fuula kiyya duraa hin balleessa. \v 32 Kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa, moototi isaanii, qondaaltoti isaanii, hayyootii fi raagoti isaanii hujii hantuu hujanee waan na aarsaneef, ani qachaa kana hin balleessa. \v 33 Adoo ani deddeebi'ee isaan gorsuu, isaan dudda natti galane malee fuula natti hin galle; isaan gorsa kiyyalle hin caqanne yookiin adabbii tiyyalle'een hin deebine. \v 34 Isaan waaqota dharaa ka jibbisiisu Galma maqaan kiyya keessatti waamamu keessa keyanee batteessane. \v 35 Ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta durraa waaqa dharaa ka, ‹Moleek› jedhamuuf ciincaa dhikeessiisaaf, dhooqa Ben-Hiinomii keessatti waaqa dharaa Ba'aaliif, addee waaqonfanna'aa ijaarane; isaan waan jibbisiisaa akkasiitiin, kolbaan Yihuda'aa cubbuu akka hujju godhane; ani waan akkasii kana akka isaan naaf godhanu, isaan hin ajajne yookiin qalbii tiyya keessatti hin yaadanne. \p \v 36 «Isin kolbaan, ‹Qachaan kun sababa woraanaatiin, sababa beelaatii fi bala'aatiin harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama› jettan; ani Mootii Waan Maraa Waaqi Israa'elii ammoo, \v 37 kolbaa aari'ii fi mufii tiyya jaddu'uun lafa itti bittinneesse mara keessaa dhugumaan wolitti hin qaba; gara addee tanaatitti deebisee isaan fidee akka isaan nageyaan le'anu hin godha. \v 38 Isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaaniif hin te'a. \v 39 Isaan yennaa mara akka na sodaatanu, isaaniif, sanyii isaaniitiifille wonni dansaan akka teetu, ani gadhaa tokkochaa fi yaada tokkocha isaaniif hin kenna. \v 40 Ani gondooroo bara baraa isaan woliin hin godhadha; waan dansaa isaaniif godhiisa hin lakkisu; akka isaan na irraa hin fagaanneef, ulfinna akka isaan naaf kennanu hin godha. \v 41 Ani waan dansaa isaaniif godhiisatti hin gammada; ani dhugumaan gadhaa kiyyaa fi yaada kiyya tokkochaan akka isaan lafa tana keessa le'anu hin godha. \p \v 42 «Kolbaa tana irratti badii guddoo tana mara akkuma fide, waan dansaa isaaniif waadaa gale mara isaaniif hin kenna. \v 43 Lafa isin, ‹Latti tun harka worra Baabiloniititti dabarfantee waan kennanteef, ontee ta nami yookiin horiin keessa hin jirre teeteerti› jettanu tana keessatti nami deebi'ee fichaa hin bitata. \v 44 Ani biyya isaan itti booji'amane keessaa waan isaan deebisuuf, biyya Beniyaaminii keessatti, ollaa adaala Yerusaalemii keessatti, qachoota Yihuda'aa keessatti, qachoota biyya koobitti'ii keessatti, qachoota kooba gara aduun seentuu jalaatii fi qachoota kibba Yihuda'aa keessatti namooti fichaa meeti'iin hin bitatan; dhugaa baatota duratti wolii galtee irratti mallatteessanee chaappaa itti hin dhowan» jedhe. \c 33 \s1 Kolbaan Israa'elii Biyya Ifiititti akka deebituuf Addii kenname \p \v 1 Ermiyaas badhinna eeddotaa ta badhinna Galma Waaqaa duraa keessatti mana hidha'aa keessa adoo jiruu, jechi Mootiin Waan Maraa yennaa lammeesso'oo gara isaa dhufee, \v 2 «Mootii Waan Maraa ka lafa dade, ka akka itti godhee addee isi'iititti dhaabe, ka maqaan isaa ‹Mootii Waan Maraa› jedhame, \v 3 inni, ‹Na waammadhu! Anille si'iif hin deebisa; waan guddoo ati hin beenne ta ati qorqortee bira hin geenne sitti hin hima› jedha. \v 4 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, marroo mana qachaa Yerusaalemiitii fi marroo mana mootummaa Yihuda'aa, ka dhakaa mana saniitiin dalleya dhaka'aa ka qacha'aa jabeeffatanee, kaabii loltooti Baabilonii itti marsanee fi lola worra Baabilonii ifi irraa dhooggatiisaaf, akka itti fayyadamanuuf diigamuutiif, \v 5 ‹Namooti qachaa sanii worra Baabilonii loliisaaf hin bayan; ammoo marroo hammeenna isaaniitiif ani fuula kiyya isaan irraa waan deebifadhuuf, reeffi namoota ani aari'ii fi mufii tiyya jaddu'uun ijjeesuu achi keessa hin guuta. \v 6 Te'uu malee ani qachaa kana ade'etti deebisee, kolbaa isa keessaalle fayyisee, bidhaa malee nageyaan akka le'anu hin godha. \v 7 Ani worra Yihuda'aa fi Yerusaalem keessaa booji'ame, deebisee fidee akka duriititti isaan hin deebisa. \v 8 Ani yakkaa isaan na yakkane mara isaan irraa hin qulqulleessa; cubbuu isaan na finqilane mara isaaniif hin araarama. \v 9 Achiin duuba qachaan kun qachaa maqaan kiyya ittiin beekkamu, ka ani ittiin gammadu, gosa biyya adda addaa worra waan dansaa ani qachaa kanaaf godhe kana mara dhage'e duratti, waan ani ittiin leellifamuu fi ittiin ulfaadhu hin te'a; kolbaan tun waan dansa'aa fi qananummaa ani qachaa kanaaf kennu mara dhaggitee sodaattee hin hollatti› jedha. \p \v 10 «Isin marroo addee tanaa, ‹Latti tun goomolee duwwaa, ta namii fi horiin keessa hin jirre› jettan; te'uu malee qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii ka namii fi horiin keessaa dhabamanee goomolee duwwaa hafe kana keessatti deebi'ee, \v 11 Worra lafa tana keessaa booji'amane akka duriititti waan isaan deebisuuf, qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii, qoonqoon worra faaru'uun galateeffataa, gara Galma Waaqaa dhufuu ta, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade dansaa waan te'eef, jaalalli isaalle ka bara baraa waan te'eef, isa galateeffadha'a› jedhuu hin dhage'anti» jedhe. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Addee goomolee duwwaa ta namii fi horiin keessa hin jirre tana keessatti, qachoota isi'ii mara keessalle'etti, tissitooti addee horiin tikatuu fi addee horiin ciisu deebi'anee hin dhaggatan. \v 13 Qachoota kooba irraa keessatti, qachoota kooba gara aduun seentuu jalaatii fi qachoota kibba kana'aanii lafa Beniyaaminii keessatti, ollaa adaala Yerusaalemii keessaatii fi qachoota Yihuda'aa keessatti, tissitooti horii ifii hin toowatan» jedha. \p \v 14 Mootiin Waan Maraa, «Barri ani waadaa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'eliitiifille gale muummessu hin dhufa. \v 15 Bara sanii fi yennaa san ani sanyii Daawitii keessaa mootii balchaa hin kaasa; inni lafa irratti haqaa fi waan sirrii te'e hin huja. \v 16 Bara san kolbaan Yihuda'aa hin fayyiti; kolbaan Yerusaalemiille nageyaan hin leeti. Bara san qachaa Yerusaalemii, ‹Waaqi balchummaa teenna› jedhanee hin waaman. \v 17 Sanyii Daawitii keessaa barcumaa mootummaa Daawitii irra ka tee'ee, Israa'elii ka bulchu ijjumaa hin dhabamu. \v 18 Hayyoota sanyii Lewwi'ii keessaa worra yennaa mara kennansa gubamu dhikeessiisaaf, kennansa midhaanii gubiisaaf, ciincaa dhikeessiisaafille, nami fuula kiyya dura dhaabbatu hin dhabamu» jedha. \p \v 19 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 20 «Mootiin Waan Maraa, ‹Guyya'aa fi halkan yennaa ifii eegatanee akka te'anuuf, seerata ani murteesse, isin keessaa eennulle yoo diiguu dande'e qofa, \v 21 tajaajilaa kiyya Daawitii fi Lewwoota hayyumma'aan na tajaajilanu woliin gondooroon ani gondooradhe diigamuu dandeetti; Daawitille sanyii barcumaa mootummaa isaa dhaaltu hin dhaggatu. \v 22 Sanyii tajaajilaa kiyya Daawitiitii fi hayyoota sanyii Lewwootaa worra ana tajaajilanuu akka urjoota ol-gubba'aa ta laakkowamuu hin dandeenneetii fi akka maansa abbaayaa qarqaraa ka safaramuu hin dandeennee hin baceessa› jedha» jedhe. \p \v 23 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 24 «Kolbaan tun, ‹Mootiin Waan Maraa mootummoota filate, lamaanuu amma lakkiseera› jedhannee akka dubbatanu ati hin hubannee? Maarre isaan kolbaa tiyya tuffataneeran; akka kolba'aatitti isaan hin laakkonne. \v 25 Mootiin Waan Maraa, ‹Guyya'aa fi halkan yennaa ifii eegatanee akka te'anuuf, ka seerata murteesse, ol-gubba'aa fi lafaaf seera hin jijjiiranne ka dhaabe na yoo hin te'in qofa, \v 26 ani sanyii Yaaqoobiitii fi sanyii Daawitii tajaajilaa kiyyaa lakkisee, sanyii Daawitii keessalle'ee, sanyii Abrahaamii, sanyii Yisihaqiitii fi sanyii Yaaqoobii irratti mootii ka te'u hin filu jechu'u; ammoo worra booji'ame deebisee fidee, isaaniif hin marara› jedha» jedhe. \c 34 \s1 Ermiyaas Gara Zedeqiiya'aa Ergame \p \v 1 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaarii fi loltooti isaa marti, mootummootii fi gosi biyya adda addaa worri bulchiinsa isaa jala jiranu marti, Yerusaalemii fi qachoota adaala isi'ii yennaa loliisatti jiranu, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 2 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Gara Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa dhaqiitii: Ani qachaa kana harka mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; innille ibiddaan hin guba. \v 3 Atille dhugumaan qabantee harka isaatitti dabarfantee kennanta malee, isa jalaa hin milixxu; iluma teetiin mootii Baabilonii hin dhaggita; inni si dura dhaabbatee si woliin hin dubbata; gara Baabiloniille hin deenta. \v 4 Ee Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa! Ati shallaaga'aan hin duutu; \v 5 ati nageyaan hin duuta; abbootii teeti ta durii, worri si'iin dura mootota te'ane yennaa du'ane, kolbaan ulfinna awwaala isaaniitiif ibidda akkuma gabbisane, ulfinna awwaala keetiitiifille ibidda gabbisanee: Aanne'e, ee goottaa keenna jedhaa si'iif hin bowan; ani waadaa kana si'iif hin muummessa jedheera› jedhi» jedhe. \p \v 6 Achiin duuba raagichi Ermiyaas waan kana mara Yerusaalem keessatti, Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aatitti hime; \v 7 yennaa san loltooti mootii Baabilonii qachaa Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu keessaa adoo hin qabamin ka hafaneeranu Laakiishii fi Aazeqaa qofa waan te'aneef loliisatti jiran. \s1 Bilisummaa Garbootaa \p \v 8 Mootichi Zedeqiiyaan garbooleen bilisa akka bayanu, kolbaa Yerusaalem keessaa mara woliin gondooroo gondoorateen duuba, jechi Mootiin Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe. \v 9 Akka wolii galtee tanaatitti nami garbicha yookiin garbittii sanyii worra Ibrootaa qabu marti bilisa isaan baasuu qaba; nami tokkolle Yihudoota obboleeyyan ifii garba godhatuu hin malle. \v 10 Maarre qondaaltotii fi kolbaan marti worri gondooroo tana keessa jiranu, garboolee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa bilisa baasiisaaf, haganaa achi garba akka isaan hin godhanne wolii galane. \v 11 Yennaa diqqo'oon duuba ammoo yaada ifii jijjiiratanee, garboolee bilisa baasane san deebifatanee garba godhatane. \p \v 12 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 13 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani abbootii teessan biyya Gibxi'ii keessaa garbummaa jalaa yennaa baase, gondooroo isaan woliin gondooradhee, \v 14 isaaniin: Tokko tokkoon keessan nama Ibrootaa ka isinitti ifi gurgure woggaa jaa isin tajaajileen duuba, woggaa torbeesso'ootitti bilisa isa baasa'a! Jedheeraayyu; abbootiin teessan ta durii ammoo waan ani dubbadhe hin dhageenne yookiin naafille hin ajajanne. \v 15 Isin amma cubbuu irraa deebitanee fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hujjaneertan; tokko tokkoon keessan Yihudoota obboleeyyan teessan ta garba godhattane bilisa baattaneertan; Galma maqaa kiyyaan waamamu keessatti na duratti gondooroo gondoorattaneertaniiyyu. \v 16 Amma ammoo yaada keessan jijjiirattanee maqaa kiyya batteessitane; tokko tokkoon keessan garboolee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa ta qara addee fedhane akka deemanu bilisa baattane deebittanee hunnaan garba godhattane. \v 17 Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa: Isin naaf ajajantanee, Yihudoota obboleeyyan teessaniif bilisummaa hin kennine. Maarre ani bilisummaa isin shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan dhumattanu isiniif hin kenna; mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isin hin godha. \v 18 Namoota gondooroo tiyya diiganuu fi jecha gondooroo sanii hin muummessine, ani akkuma jibicha isaan qalanee addee lamatti gargar baasanee wodhakkaa dabaranuu san isaan hin godha. \v 19 Sooreyyiin Yihuda'aatii fi Yerusaalemii, qondaaltota mana mootummaa isaa, hayyootaa fi kolbaa lafa sanii ta jibicha qalanee addee lamatti gargar baasane san wodhakkaa dabarane mara, \v 20 ani harka diinota isaan ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isaan hin kenna; reeffi isaanii allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin te'a. \v 21 Mootii Yihuda'aa Zedeqiiya'aa fi qondaaltota isaa worra isaan ijjeesiisaaf barbaadu, harka loltoota mootii Baabilonii ta amma isaan loliisa lakkisaneetitti dabarsee isaan hin kenna. \v 22 Kunoo, loltooti mootii Baabilonii gara qachaa kanaa akka deebi'anu hin ajaja; isaan qachaa kana lolanee hin qabatan; ibiddalle'een hin guban; ani qachoota Yihuda'aa mara ona hin godha; nami tokkolle achi keessa hin le'u› jedheeraayyu» jedhe. \c 35 \s1 Ermiyaasii Fi Worra Rekaabotaa \p \v 1 Bara ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim Yihudaa irratti mootii te'eeru, Jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 2 «Gara maatii worra Rekaabotaa dhaqiitii, gara Galma Waaqaa isaan fidi; kolloo cinaa Galma Waaqaa jirtu keessaa takkatti'itti galchiitii daadhii woyni'ii isaan obaas!» jedhe. \v 3 Maarre ani gara akaakoo Habazneya'aa, ilma Ermiyaasii\f + \fr 35:3 \fr*\fqa Ermiyaas: \fqa*\ft Ermiyaasiin kun Ermiyaasii raagichaa moti.\ft*\f* Yaazaaniyaa bira dhaqee obboleeyyan isaatii fi ilmaan isaa mara, maatii worra Rekaabotaa mara fide. \v 4 Gara Galma Waaqaa isaan fidee, kolloo ilmaan Haannaanii, ilma Gidaaliyaa raagichaa keessa isaan teessise; kolloon sun kolloo bulchitootaatitti aantee, kolloo Ma'aseyaa ilma Shaalumii ka balbala eeguutiin gubbaa jirti. \v 5 Achiin duuba ani daadhii woyni'ii qori'ii fi muduunu'utti guutee worra maatii Rekaabotaa dura keyee isaaniin, «Daadhii woyni'ii tana una'a» jedhe. \p \v 6 Isaan ammoo deebisanee, «Abbaan abbootii teenna ta durii Yonaadaab ilmi Rekaabii, ‹Isinii fi sanyiin teessan daadhii woyni'ii ijjumaa hin unina'a› jedhee waan ajajeeruuf, nuuti daadhii woyni'ii hin unnu! \v 7 Akkasuma, ‹Lafa hori'iin keessa godaantanu tana keessa bara dheeraa akka leetanu, bara le'ii teessanii mara dunkaanii keessa le'aa malee mana hin ijaaratina'a; midhaan hin facaafatina'a; muka woyniille hin dhaabbatina'a; waan kana tokkolle hin qabaatina'a› jedheera. \v 8 Nuutille ajaja abbaa abbootii teenna ta durii, Yonaadaabiin ilmi Rekaabii nu ajaje eeganneerra; nuuti, niitoti teennaa fi ilmaan teenna ta dhiiraatii fi ta durraa daadhii woyni'ii hin unne \v 9 yookiin keessa le'iisaaf mana hin ijaaranne yookiin muka woyni'ii yookiin fichaa yookiin midhaan hin qannu. \v 10 Dunkaanii keessa leene; waan abbaan abbootii teenna ta durii Yonaadaab nu ajaje mara eeganneerra. \v 11 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar dhufee lafa tana yennaa qabate ammoo, nuuti, ‹Loltoota Baabiloniitii fi Sooriya'aa jalaa baqatiisaaf, kowa'a, gara Yerusaalemii deenna› jennee murteeffanneera; tanaaf as Yerusaalem keessa turre» jedhane. \p \v 12 Achiin duuba Jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 13 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: Dhaqiitii, namoota Yiuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiitiin, ‹Isin jecha kiyyaaf ajajamiisaaf, tana irraa hin barattanuu ree?› jedhi. \v 14 Ilmi Rekaabii Yanaadaab sanyiin isaa daadhii woyni'ii akka hin unne ajajee, isaan ajaja isaa waan eegataneef haga adhaa daadhii woyni'ii hin unanu; ani ammoo itti deddeebi'ee isinitti dubbadheeraayyu; te'uu malee isin naaf hin ajajanne. \v 15 Ani tajaajiltoota tiyya raagota itti deddeebi'ee gara keessan ergee, ‹Tokko tokkoon keessan karaa keessan hamaa irraa deebitanee hujii teessan sirreeffatiisa qaddan; isaan tajaajiliisaaf, waaqota dhibii hin hordofina'a! Yoo san lafa ani isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kenne keessa hin leetan› isiniin jedheeraayyu; isin ammoo waan ani isinitti hime hin dhageenne; anaafille hin ajajanne. \v 16 Sanyiin Yonaadaabii ilma Rekaabii ajaja abbaan abbootii isaanii ta durii isaaniif kenne eegataneeran; kolbaan tun ammoo naaf hin ajajanne. \v 17 Tanaaf kolbaan Yihuda'aatii fi Yerusaalemii yennaa ani isaanitti dubbadhe waan hin caqasiniif, yennaa ani isaan waame waan hin owwaatiniif, kunoo, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u Waaqi Israa'elii, ‹Badii isaan irratti fidiisaaf dubbadhe san mara isaanitti hin fida› jedha» jedhe. \p \v 18 Achiin duuba Ermiyaas worra maatii Rekaabotaatiin, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isin ajaja abbaan abbootii teessanii Yonaadaab isin ajaje eegattaneertan; qajeelfama isaalle hordottanee, waan inni isin ajaje mara gootaneertan. \v 19 Tanaaf, sanyii Yonaadaabii ilma Rekaabii keessaa nami yennaa mara na dura dhaabbatee na tajaajilu hin dhabamu› jedha» jedheen. \c 36 \s1 Baaruk Kitaaba Maramaa Galma Waaqaa keessatti Dubbise \p \v 1 Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 2 «Kitaaba maramaa fuudhiitii dubbii ani marroo Israa'elii, marroo Yihuda'aatii fi marroo gosa biyya adda addaa mara, bara mootummaa Yosiyaasiitii jalqabee haga ammaa si'itti dubbadhe mara irratti barreessi. \v 3 Kolbaan Yihuda'aa balaa ani isaan irratti fidiisaaf hede yennaa dhage'ane, karaa ifii hamaa san irraa hin deebi'an fa te'a; achiin duuba anille yakkaa isaaniitii fi cubbuu isaanii isaaniif hin araarama» jedhe. \p \v 4 Maarre Ermiyaas ilma Neriiya'aa Baaruk waamee jecha Mootiin Waan Maraa isatti dubbate mara afaaniin Baarukitti himuun, inni kitaaba maramaa irratti barreesse. \v 5 Achiin duuba Ermiyaas Baaruk ajajee, «Ani Galma Waaqaa keessa akka hin seenneef dhooggameera. \v 6 Maarre ati dhaqiitii jecha Mootii Waan Maraa ka ani afaaniin sitti himuun kitaaba maramaa irratti barreessite san, guyyaa laamaa, Galma Waaqaa keessatti kolbaa Yihuda'aa ta qachaa ifii keessaa dhutte maraaf dubbisi. \v 7 Aari'ii fi mufiin jadduun Mootiin Waan Maraa kolbaa tana adabiisaaf dubbate, guddoo waan teeteef, tokko tokkoon isaanii karaa hamaa ifii irraa deebi'anee, Mootii Waan Maraa hin kadhatan fa te'a» jedhe. \p \v 8 Maarre ilmi Neriiya'aa Baaruk akkuma Ermiyaas isatti hime, jecha Mootii Waan Maraa ka kitaaba maramaa irratti barreeffame san Galma Mootii Waan Maraa keessatti dubbise. \p \v 9 Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa shaneesso'oo, ji'a sagaleesso'ootitti, kolbaan Yerusaalemiitii fi kolbaan qachaa Yihuda'aa keessaa gara Yerusaalemii dhufane marti Mootii Waan Maraa duratti laamiisaaf lassii lassane. \v 10 Achiin duuba, badhinna Galma Waaqaa ka gubba'aa keessatti, seensuma karra haareya Galma Waaqaa biratti, kolloo Gemaariyaa barreessicha ilma Shaafaanii keessaa, Baaruk jecha Ermiyaas dubbate, kolbaa maraaf kitaaba maramaa keessaa dubbise. \p \v 11 Akaakoon Shaafaanii ilmii Gemaariya'aa Miikaayaan jecha Mootii Waan Maraa mara kitaaba maramaa keessaa yennaa dhage'e, \v 12 inni addee qondaaltoti marti: Eliishaamaan barreessichi, ilmi Shemaariya'aa Delaayaan, ilmi Akborii Elnaataan, ilmi Shaafaanii Gemaariyaan, ilmi Hanaaniya'aa Zedeqiiyaan ta qondaaltoti dhibiin martille tee'aneeranu, gara kolloo barreessicha mana mootumma'aa gad bu'ee, \v 13 Miikaayaan waan Baaruk kitaaba maramaa keessaa kolba'aaf dubbiseen dhage'e mara isaanitti hime. \v 14 Achiin duuba qondaaltoti sun marti, abuuboo kuushii, akaakoo Shelemiiya'aa, ilma Netaaniya'aa Yehud erganee, «Dhaqiitii Baarukiin, ‹Kitaaba maramaa kolba'aaf dubbitte san fidii koy!› jedhiin» jedhane; maarre ilmi Neriiya'aa Baaruk kitaaba maramaa san harkatti qabatee dhufe. \v 15 Isaanille Baarukiin, «Tee'iitii, maganne'e, nu'uuf dubbisi!» jedhane; innille isaaniif dubbise. \v 16 Jechoota kana mara dhage'aneen duuba sodaatanee, wol ilaalanee, Baarukiin, «Nuuti waan kana mara mootichatti hin hinna» jedhane. \v 17 Achiin duuba, «Me, waan kana attam akka barreessite, nutti himi? Ermiyaasitti afaaniin sitti himee?» jedhanee Baaruk gaafatane. \p \v 18 Baarukille deebisee, «Ee, isattuu jecha kana mara afaaniin natti himee, ani kitaaba maramaa irratti hallu'uun barreesse» jedhe. \p \v 19 Achiin duuba qondaaltoti Baarukiin, «Atii fi Ermiyaas deema'aa dhokadha'a; addee isin jirtanu eennulle hin beekin» jedhane. \s1 Mootichi Kitaaba Maramaa Gube \p \v 20 Qondaaltoti kitaaba maramaa san kolloo Eliishaamaa barreessichaa keessa keyanee, gara badhinna mana mootumma'aa dhaqanee, waan mara mootichatti himane. \v 21 Achiin duuba mootichi kitaaba maramaa san akka fiduuf, Yehud erge; innille kitaaba maramaa san kolloo Eliishaamaa barreessichaa keessaa fidee, mootichaa fi qondaaltota cinaa isaa dhaabbataneeranu maraaf dubbise. \v 22 Yennaan sun ji'a sagaleesso'oo, ganna waan te'eef, mootichi mana ji'a gannaa itti dabarsu keessatti, suunsuma ibiddi irratti gabbatiisatti jiru bira tee'ee o'ifataayyu. \v 23 Akkuma Yehud kitaaba maramaa san keessaa fuula afur yookiin fuula sad dubbiseen mootichi kitaaba maramaa isaaf dubbifame san seenxi'iin kukkutee haga gubatee dhumatutti, suunsuma ibiddi irratti gabbifame san keessa buuse. \v 24 Mootichii fi tajaajiltooti isaa worri dubbii tana dhage'ane marti hin sodaanne; gaddanee woyaa ifii hin tarsaanne. \v 25 Isaan keessaa Elnaataan, Delaaya'aa fi Gemaariyaan kitaab maramaan sun akka hin gubane mooticha kadhatanulle, inni isaan hin caqanne. \v 26 Achiin duuba inni ilma mootichaa tokko Yeraami'el, ilma Azrii'elii Seraaya'aa fi ilma Abdi'elii Shelemiiyaa ergee, Baarukii barreessicha kiyyaa fi Ermiyaasii raagicha qabanee akka fidanuuf ajaje; Mootiin Waan Maraa ammoo isaan dhosse. \s1 Ermiyaas Ammalle Kitaaba Maramaa Dhibii Barreesse \p \v 27 Mootichi kitaaba maramaa ka Ermiyaas afaaniin himuun Baaruk barreesse san gubeen duuba, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 28 «Kitaaba maramaa dhibii fuudhiitii, jechoota qaraa ka kitaaba maramaa mootichi Yihuda'aa Yehoyaaqiim gube san irra jiru, deebisii itti barreessi. \v 29 Mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiimiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Mootiin Baabilonii dhufee lafa tana akka balleessu, namaa fi bineensa lafa irraalle akka fixu maaf barreessite? Jettee kitaaba maramaa san guddeerta. \v 30 Tanaaf, ee mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiim, Sanyii teeti keessaa nami barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'u hin dhaggamu; reeffi keeti o'a adu'uutii fi qorra halkaniititti gad hin gatama. \v 31 Sababa hammeenna keessaniitiif, ani si'iif fi sanyii teeti, tajaajiltoota teetille hin adaba; waan na caqasuu diddaneef, balaa fidiisaaf yaade san mara isinitti, worra Yerusaalem keessa le'anu mara irratti, kolbaa Yihuda'aa mara irralle'etti hin fida jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 32 Achiin duuba Ermiyaas kitaaba maramaa dhibii fuudhee ilma Neriiya'aa Baarukii baarreessichatti kenne; akkuma Ermiyaas kitaaba maramaa mootiin Yihuda'aa Yehoyaaqiim gube san afaaniin itti himuun barreesse san, ammalle Baaruk barreessisiise; jechooti dhibiille ka kitaaba maramaa qaraa keessatti barreeffameen wol fakkaatu baca'atti itti dabalame. \c 37 \s1 Gaaffii Zedeqiiyaan Ermiyaas Gaafate \p \v 1 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar addee Koniyaa ilma Yehoyaaqiimiititti, ilma Yosiyaasii Zedeqiiyaa biyya Yihudaa irratti mootii godhe. \v 2 Te'uu malee zedeqiiya'aa fi tajaajiltooti isaa, kolbaa lafa saniille jecha Mootii Waan Maraa ka Ermiyaasiin raagichi dubbate hin dhageenne. \p \v 3 Mootichi Zedeqiiyaan ilma Shelemiiya'aa, Yukaalii fi ilma Ma'aseya'aa Safaaniyaa hayyicha gara Ermiyaasii ergee, «Maganne'e, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa nu'uuf daadimadhu» jedhe. \v 4 Yennaa san Ermiyaas mana hidha'aatitti waan hin galiniif, kolbaa odduu akka fedhe deddeemaayyu. \v 5 Worri Baabilonii ka Yerusaalem marsaneeranu, loltooti mootii Gibxi'ii lolaaf biyya Gibxi'ii keessaa akka bayane oduu yennaa dhage'ane, Yerusaalem lakkisanee baqatane. \p \v 6 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii raagichaa dhufee, \v 7 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Mootii Yihuda'aa ka akka isin gorsa Ermiyaas gaafatanuuf gara kiyya isin ergeen: Kunoo, loltooti mootii biyya Gibxi'ii ka isin qarqaariisaaf dhufane, gara biyya ifii Gibxi'itti hin deebi'an. \v 8 Achiin duuba worri Baabilonii deebi'anee dhufanee, qachaa kana hin lolan; isaan qachaa kana qabatanee hin guban. \v 9 Worri Baabilonii isin irraa waan hin deeminiif, deemaneeran seetanee ifi hin sobina'a. \v 10 Isin loltoota Baabilonii worra isin loliisatti jiru adoo injifattanelle'ee, isaan keessaa worri madowee dunkaanii ifii keessatti hafe callaan, bayanee dhufanee qachaa kana hin guban jedha› jedhiin» jedhe. \s1 Ermiyaas Qabamee Hidhame \p \v 11 Loltooti worra Baabilonii, loltooti mootii biyya Gibxi'ii akka dhikaatane beekanee, Yerusaalem lakkisanee duuba, \v 12 Ermiyaas qooda lafa ifii fudhatiisaaf, Yerusaalemii ka'ee, gara lafa Beniyaamin dhaqe. \v 13 Inni dhufee karra Yerusaalemii ta, «Karra Beniyaamin» jedhantu yennaa geye, ajajaan eeddotaa ka maqaan isaa, «Yiriyaa» jedhamu, ilmi Shelemiiya'aa akaakoon Hanaaniya'aa, «Ati finqiltee gara worra Baabilonii deemaarta!» jedhee isa qabe. \p \v 14 Ermiyaas deebisee, «Lakkii, akkasii moti! Ani finqilee gara worra Baabilonii deemiisatti hin jiru» jedhe. Yiriyaan ammoo dubbii isaa dhugeeffatuu didee, isa qabee gara qondaaltotaa geesse. \v 15 Isaan guddoo Ermiyaasitti aaranee isa dhaananee, mana Yonaataanii barreessichaa ka mana hidha'aa godhataneeranu keessatti isa hidhane. \v 16 Ermiyaas Kolloo mana boolla keessaa san keessatti hidhamee yennaa hedduu ture. \p \v 17 Achiin duuba mootichi Zedeqiiyaan nama ergee gara mana mootumma'aa ka ifii isa fidee, «Wonni Mootiin Waan Maraa sitti dubbate jirtii?» jedhee qofuu isa gaafate. \p Innille deebisee, «Ee, hin jirti; ati harka mootii Baabiloniititti dabarfantee hin kennanta» jedhe. \v 18 Achiin duuba Ermiyaas mooticha Zedeqiiya'aan, «Ani maan si yakke? Tajaajiltoota teetii fi kolbaa teeti irralle'etti yakkaa maan hujeef na hiisitte? \v 19 Raagoti teeti, ta ‹Mootiin Baabilonii si'ii fi lafa tana hin lolu› jedhanee raagane eessa jiran? \v 20 Ee goottaa kiyya mooti'i! Maganne'e waan ani sitti himadhu akka naaf dhageettu si kadhadha! Ani achitti akka hin duune deebittee mana Yonaataanii barreessichaatitti na hin hiisisin!» jedhe. \p \v 21 Maarre mootichi Zedeqiiyaan kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessatti akka hidhamu ajajee, daabboon qachaa keessaa haga dhumatutti karaa worra daabboo bilcheesuutiin guyyuma guyya'aan daabboo tokko tokko akka isaaf kennanu godhe. Maarre Ermiyaas kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessa ture. \c 38 \s1 Ermiyaas Boolla Bisaanii Godduu Keessa Keyane \p \v 1 Ilmi Maataanii Shefaaxiyaan, ilmi Phashihurii Gadaaliyaan, ilmi Shelemiiya'aa Yukaalii fi ilmi Malkiiya'aa Phashihur dubbii Ermiyaas kolbaa maratti dubbate dhage'ane; \v 2 Dubbiin inni dubbate sun, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri qachaa keessatti hafu marti shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan hin du'an; worri gara worra Baabilonii baqatu ammoo hin ijjeefamu; jiru'uun jalaa bayanee hin le'an. \v 3 Qachaan kun dhugumaan harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; innille hin qabata› jedha» ta jettu. \p \v 4 Achiin duuba qondaaltoti mootichaan, «Namichi kun waan akkanaa dubbatiisaan loltoota teenna ta qachaa kana keessatti hafanee fi kolbaa mara sossodaachisa; nami kun kolbaa tanaaf badii malee waan dansaa waan hin halchiniif isa ijjeesi!» jedhane. \p \v 5 Mootichi Zedeqiiyaan deebisee, «Kunoo, inni harka keessan keessa waan jiruuf, akka feetane yoo isa gootane ani isin dhoogguu hin dande'u» jedhe. \v 6 Maarre isaan Ermiyaas geessanee wodaro'oon boolla bisaanii ta Malkiiyaa ilma mootichaa, ta badhinna kolloo eeddotaa keessa jirtu keessa buusane; boolli sun dhoqqee malee bisaan keessa hin jiru; Ermiyaasille dhoqqee keessa gad lixe. \p \v 7 Guneessichi, «Ebeed-Melek» jedhamu nami biyya Itoophiya'aa\f + \fr 38:7 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f*, ka mana mootumma'aa keessa jiru akka Ermiyaas boolla bisaanii keessa buusane dhage'e; yennaa san mootichi karra Beniyaaminii bira tee'eeraayyu; \v 8 maarre Ebeed-Melek mana mootumma'aa keessaa bayee gara mootichaa dhaqee, \v 9 «Ee goottaa kiyya mooti'i, namooti kun Ermiyaasii raagicha irratti hammeenna hujanee, yennaa daabboon qachaa keessa hin jirretti, boolla bisaanii keessa buusane; inni achitti hin du'a» jedhe. \v 10 Achiin duuba mootichi Zedeqiiyaan Ebeed-Melekii nama biyya Itoophiya'aatiin\f + \fr 38:10 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f*, «Namoota soddoma asii fudhadhuu dhaqiitii, adoo inni hin du'in boolla bisaanii san keessaa isa baasi» jedhee ajaje. \v 11 Maarre Ebeed-Melek namoota san woliin gara kolloo mana mootumma'aa keessaa ta mana meyaatiin jala jirtuu dhaqee, woyaa dullatti'ii fi hoccuu bututtuu fuudhee wodaroo itti hidhee gara Ermiyaasii boolla bisaanii keessa gad buuse. \v 12 Achiin duuba Ebeed-Melekii nami biyya Itoophiya'aa\f + \fr 38:12 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f*, Ermiyaasiin, «Wodaroon akka si hin luqqinne, woyaa dullatti'ii fi hoccuu bututtuu tana bobaa teeti jala keyadhu» jedhe; Ermiyaasille akkuma san godhe; \v 13 isaanille wodaro'oon harkisanee Ermiyaas boolla bisaanii keessaa baasane; Ermiyaasille badhinna eeddotaa ka badhinna mana mootumma'aa keessa jirtu keessa ture. \s1 Zedeqiiyaan Akka Ermiyaas Isa Gorsu Gaafate \p \v 14 Zedeqiiyaan gara Ermiyaasii raagichaa nama ergee, gara seensuma Galma Waaqaa ka sadeesso'ootitti akka isa fidanu godhee, «Gaaffii tokko si gaafadha, womaa na hin dhossin» isaan jedhe. \p \v 15 Innille mootichaan, «Ani yoo deebii sii kenne, ati na hin ijjeetta; yoo si gorselle, ati na hin dhageettu» jedhe. \p \v 16 Maarre mootichi Zedeqiiyaan dhossa'aan Ermiyaasiif kakatee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee jiruu nu'uuf kennee, ani si hin ijjeesu; worra si ijjeesuu barbaadanulle'eef dabarsee si hin kennu» jedhe. \p \v 17 Achiin duuba Ermiyaas Zedeqiiya'aan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, Waaqi Israa'elii, ‹Ati qondaaltota mootii Baabiloniititti harka yoo kennatte, jiru'uun hin jiraatta; qachaan kunille hin gubatu; atii fi maatii teetille jiru'uun hin jiraattan. \v 18 Ati qondaaltota mootii Baabiloniititti harka yoo hin kennatin ammoo, qachaan kun harka worra Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin guban; atille isaan jalaa hin baatu› jedha» jedheen. \p \v 19 Mootichi Zedeqiiyaalle Ermiyaasiin, «Ani Yihudoota worra finqilee Baabilonitti gale hin sodaadha; worri Baabilonii isaanitti dabarsanee na waan kennanuuf, isaan na hin farrisiisan» jedhe. \p \v 20 Ermiyaasille deebisee, «Isaan dabarsanee si hin kennanu; jecha Mootii Waan Maraa ka ani sitti himu kanaaf ajajam; wonni dansaalle si'iif hin teeti; ati lubbu'uun jiraatta. \v 21 Ati yoo harka kennatuu didde ammoo, wonni Mootiin Waan Maraa natti mudhise tana: \v 22 Dubartooti mana mootii Yihuda'aa keessatti hafane marti qondaaltota mootii Baabiloniitiif dabarfamanee hin kennaman; dubartooti sun si'iin: \q1 «‹Jaaloti teeti worri ati addatte \q2 si dokonkorsanee si injifatane. \q1 Miilli keeti dhoqqee keessa lixeera; \q2 jaaloti keeti si lakkisanee baqataneeran› hin jedhan. \p \v 23 «Niitoti teetii fi ijoolleen teeti marti worra Baabiloniitiif dabarfamanee hin kennaman; atille mootii Baabiloniitiin hin qabanta malee harka isaa jalaa hin baatu; qachaan kunille hin gubama» jedheen. \p \v 24 Achiin duuba Zedeqiiyaan deebisee Ermiyaasiin, «Waan dubbanne kana eennulle hin beekin; atille hin duutu. \v 25 Qondaaltoti waan ani si woliin dubbadhe kana dhage'anee, gara keeti dhufanee, ‹Waan mootichaan jette, mootichille waan siin jedhe nutti himi; nu hin dhossin; yoo ati nu dhossite nuuti si hin ijjeenna› yoo si'iin jedhane, \v 26 ati deebisiitii, ‹Mootichi gara mana Yonaataanii na deebisee, ani achitti akka hin duune isa kadhadhe› jedhiin» jedhe. \v 27 Qondaaltoti marti gara Ermiyaasii dhufanee isa gaafatane; innille akkuma mootichi isa ajaje isaaniif deebise; maarre waan inni mooticha woliin dubbate nami tokkolle waan hin dhage'iniif, isaan isa gaaffii lakkisane. \v 28 Ermiyaasille haga guyyaa Yerusaalem qabanteetitti, badhinna eeddotaa ka badhinna mana mootumma'aa keessa ture. \c 39 \s1 Jinnana Yerusaalemii \p \v 1 Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'ootitti, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar loltoota ifii mara woliin itti duulee Yerusaalem marse. \v 2 Zedeqiiyaan mootii te'ee woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, ji'a arfeesso'oo guyyaa sagaleesso'ootitti worri Baabilonii dalleya qacha'aa cassane. \p \v 3 Yennaa qachaan Yerusaalemii qabame, qondaaltoti mootii Baabilonii marti: Nergaal-Shaarezer, Samgaar-Nebuu, Saar-Sekiim sooressi ajajjoota hojjatoota mana mootumma'aa, Nergaal-Shaarezer qondaala ol-aana'aa fi qondaaltota mootii Baabilonii dhibii mara woliin dhufanee karra wodhakkaa jirtu keessatti addee qabatane. \p \v 4 Mootichi Yihuda'aa Zedeqiiya'aa fi loltooti isaa marti yennaa isaan dhaggane, karra karaa oorruu mootichaa ta dalleya lama wodhakkaa jirtuun bayanee, halkaniin baqatanee qachaa keessaa bayanee, gara dhooqa Yordaanosiititti gad bu'ane. \v 5 Loltooti Baabilonii ammoo isaan ariitee, dirree Yeriko'ootitti isaan dhaqqaddee Zedeqiiyaa mooticha qadde; isa boojitee, gara qachaa Riiblaa ka lafa Haamaatii keessa jiruu, gara mootii Baabilonii isa geessane; mootichille achitti isatti mure. \v 6 Mootiin Baabilonii ilmaan Zedeqiiya'aa iluma isaa duratti Riibla'atti ijjeese; qondaaltota Yihuda'aalle mara ijjeese. \v 7 Achiin duuba inni gara Baabilonii geessiisaaf, ila Zedeqiiyaa keessaa baasee wodaroo sageettu'uutiin isa hidhe. \v 8 Worri Baabilonii mana mootumma'aatii fi mana kolba'aa mara gubanee dalleya Yerusaalemiille diigane. \v 9 Achiin duuba ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan worra qachaa keessatti hafe, namoota harka isatti kennatee fi kolbaa dhibii mara wolitti qabee booji'ee gara Baabilonii geesse. \v 10 Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eeganuu, namoota hiyyeeyyii waan tokkolle hin qanne garii biyya Yihuda'aatitti lakkise; yennuma san addee muka woyni'ii itti dhaabbatanuu fi fichaa isaaniif kenne. \s1 Ermiyaas Hiikame \p \v 11 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, marroo Ermiyaasii, ajajaa loltoota isa eeganuu, Nebuzaraadaa ajajee, \v 12 «Ermiyaas gara keeti fuudhiitii, waan dansaa isaaf godhi; waan inni fedhe mara isaaf godhi malee isa hin miidhin» jedhe. \v 13 Maarre ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, sooressi ajajjootaa Nebushaasbaan, ol-aanaan qondaaltotaa Nergaal-Shaarezerii fi qondaaltoti mootii Baabilonii dhibiin marti, \v 14 nama erganee, badhinna eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessaa Ermiyaas baasane; akaakoon Shaafaanii ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan gara mana isaa akka isa geessuuf itti kennane; maarre innille akkanaan kolbaa ifii woliin achi le'e. \p \v 15 Ermiyaas badhinna eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessa mana hidha'aa keessa adoo jiruu, jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufee, \v 16 «Dhaqiitii Ebeed-Melekii nama biyya Itoophiya'aatiin\f + \fr 39:16 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f*, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: Akkuma qara dubbadhe qananummaa addoo hin te'in badii qachaa kana irratti hin fida; guyyaa san ilti teeti adoo dhaggituu tun hin muummotti. \v 17 Guyyaa san ammoo ani si hin hambura malee harka worra sodaattuutitti dabarfantee hin kennantu. \v 18 Ati natti waan addatteef ani dhugumaan si hin hambura; ati milixxee lubbuu hin hatta malee shallaaga'aan hin duutu jedha› jedhiin» jedhe. \c 40 \s1 Ermiyaas Gedaaliyaa Woliin Ture \p \v 1 Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, Raama'atti Ermiyaas hiikeen duuba jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe; yennaa san Ermiyaas worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa booji'anee wodaroo sibiilaatiin hidhanee gara biyya Baabilonii geessane woliin jiraayyu. \p \v 2 Ajajaan eeddotaa yennaa Ermiyaas dhagge, qofitti isa baasee, «Mootii Waan Maraa Waaqi keeti lafa tanatti badii akka fidu dubbateeraayyu. \v 3 Amma badii san itti fideera; waan dubbate sanille muummesseera; sababa isin kolbaan Yihuda'aa cubbuu hujjanee isaaf ajajamiisa diddaneef, wonni kun marti isin irratti teete. \v 4 Kunoo ani adha wodaroo sibiilaa harka keeti irraa hiikee gad lakkisaara. Ati na woliin gara Baabilonii dhaquu yoo jaalatte, koy; anille waan dansaa si'iif hin godha; ati na woliin gara Baabilonii dhaqiisa yoo hin barbaadin ammoo hin dhaqin. Kunoo, latti Yihuda'aa marti si dura jirtii, gara jaalatte deemi!» isaan jedhe. \p \v 5 Ermiyaas deebii adoo hin deebisin, Nebuzaraadaan, «Gara Gadaaliyaa ilma Ahiiqaamii, akaakoo Shaafaanii, ka mootiin Baabilonii qachoota Yihuda'aa irratti bulchaa godhe sanii deebi'iitii isa woliin kolbaa odduu le'i yookiin gara jaalatte deemi» jedhee, kennansa isaaf kennee, galaalle isaaf galaasee gad isa lakkise. \v 6 Maarre Ermiyaas gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii, ka Miisphaa jiruu dhaqee, isa woliin odduu kolbaa biyyatti hattee le'e. \p \v 7 Ajajjooti loltootaatii fi loltooti Yihuda'aa ta worra Baabiloniititti harka hin kennatin marti, mootiin Baabilonii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa biyya irratti bulchaa akka godhe, worra hiyyeeyyii dhiira, dubarti'ii fi ijoollee gara biyya Baabilonii adoo hin booji'amin biyyatti hafane irratti itti gaafatamaa akka godhe yennaa dhage'ane, \v 8 ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilmaan Qaareha'aa Yohaanaannii fi Yonaataan, ilmi Tanhumetii Seraayaan, ilmaan Efaayii nama qachaa Netofiitii fi ilmi Yaazaaniyaa nama biyya Ma'aakii namoota ifii mara woliin gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhaqane. \v 9 Akaakoon Shaafaanii ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan worra gara isaa dhaqane kanaaf kakatee, «Worra Baabiloniititti harka kennatiisa hin sodaatina'a; lafa tana keessa qubadha'aatii mootii Baabilonii tajaajila'a; wonni dansaalle isiniif hin teeti. \v 10 Anille Miisphaa keessa le'ee, worri Baabilonii yennaa as dhufanu addee teessan bu'ee isiniif hin falmadha; isin ammoo midhaan woyni'ii, zayitii ejersaatii fi midhaan muka adda addaa wolitti qabadha'aatii okkote'etti kuufadha'aa qachaa qabattane kana keessa le'a'a» jedhe. \v 11 Worri Yihudootaa ka Mo'aab, Amooni, Edoomii fi biyya dhibii keessa le'anu marti mootiin Baabilonii biyya Yihuda'aa keessatti Yihudoota garii akka hamburee fi akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa bulchaa isaanii akka godhe yennaa dhage'ane, \v 12 Yihudooti marti addee itti bittinnowane mara keessaa deebi'anee, gara biyya Yihuda'aa, gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufanee, midhaan muka woyni'iitii fi midhaan muka adda addaa bacaa wolitti qabatane. \p \v 13 Ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltoota Yihuda'aa ta worra Baabiloniititti harka hin kennatin marti gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufanee, \v 14 «Mootiin Amoonii Ba'aalis si ijjeesiisaaf ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el akka sitti erge ati hin beettuu?» jedhaneen; ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan ammoo waan isaan jedhane hin dhugeeffanne. \v 15 Achiin duuba ilmi Qaarehaa Yohaannaan Miisphaa keessatti dhossa'aan Gedaaliya'atti dubbattee, «Nami tokkolle adoo hin beekin ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el ani hin ijjeesa; Yihudooti si biratti wolitti qabante marti akka bittinnoottuu fi worri biyya Yihuda'aa keessatti hafelle akka baduuf inni maaf si ijjeesuu barbaada?» jedhe. \p \v 16 Ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan ammoo, ilma Qaarehaa Yohaannaaniif deebisee, «Lakkii, ati waan akkasii hin godhin; marroo Ishimaa'elii wonni ati dubbattu dhuga'aa moti» jedhe. \c 41 \s1 Ishimaa'el Gedaaliyaa Ijjeese \p \v 1 Wogguma san keessatti ji'a torbeesso'oo sanyii moototaa keessaa, ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ka te'e, akaakoon Eliishaama'aa ilmi Netaaniya'aa Ishimaa'el, namoota kudhan woliin gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii Miisphaa dhufe; isaan Miispha'atti wolitti qabamanee nyaatiisatti adoo jiranuu, \v 2 ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'elii fi namooti kudhan ka isa woliin jiranu akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa ka mootiin Baabilonii Yihudaa irratti bulchaa godhe san shallaaga'aan ijjeesane. \v 3 Ishimaa'el Yihudoota worra Gedaaliyaa woliin Miisphaa jiranu mara, loltoota Baabilonii ta achi jirtulle ijjeese. \p \v 4 Gedaaliyaan akka ijjeefame nami tokkolle adoo hin beekin, boruyyaa ganama, \v 5 namooti saddeettam gaddaan areeda haadatanee, woyaa ifii tarsaasanee, nafa ifii mummuranee Sheekem, Shiilo'oo fi Samaariyaa irraa kennansa midhaaniitii fi hixaana qabatanee, gara Galma Waaqaa dhufane. \v 6 Ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el Miispha'aa ka'ee isaan qophatiisaaf, bowaa gara isaanii dhufe; inni yennaa isaan bira geye, «Gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii kowa'a» isaaniin jedhe. \v 7 Isaan yennaa qachaa seenane ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'elii fi namooti isa woliin jiranu isaan ijjeesanee boolla bisaaniititti gatane. \p \v 8 Namoota saddeettama san keessaa nami kudhan ammoo Ishimaa'eliin, «Nuuti qamadi'ii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi damma fichaa keessatti dhoffanneerra; maganne'e nu hin ijjeesin» jedhane; maarre inni worra kaan woliin isaan hin ijjeenne. \v 9 Boolli bisaanii guddoon ta Ishimaa'el reeffa namoota shallaaga'aan ijjeesee keessa buuse sun ta mootiin Yihuda'aa Aasaan mootii Israa'elii Baashaan woliin yennaa lole qochisiise; ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el reeffa worra ijjeesee boolla sanitti guute. \v 10 Achiin duuba Ishimaa'el kolbaa Miisphaa keessatti hafane mara: ijoollee durraa ta mootichaatii fi worra Miispha'atti hafane ka Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eeganuu, akka ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan isaan bulchu godhe san mara booji'ee, gara biyya Amoonotaa fudhatee deeme. \p \v 11 Ilmi Qaareha'aa Yohaannaanii fi ajajjooti loltootaa ta isa woliin jirtu marti yakkaa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el huje mara yennaa dhage'ane, \v 12 loltoota ifii wolitti qabatanee ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el loliisaaf dhaqane; isaan baleessa guddaa ka Giibe'on keessaa biratti isa dhaqqabane. \v 13 Kolbaan Ishimaa'el woliin jirtu marti ilma Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjoota loltootaa ta isa woliin jirtu yennaa dhaggane gammadane; \v 14 kolbaan Ishimaa'el Miishipa'aa booji'e marti deebi'anee gara Yohaannaanii ilma Qaarehaa deemane. \v 15 Ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el ammoo namoota saddeeti woliin isa jalaa miliqanee gara biyya Amoonotaa baqatane. \p \v 16 Achiin duuba ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltootaa ta isa woliin jirtu mara woliin, namoota worra ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa Miishipa'atti yennaa ijjeese san worra booji'ee Giibe'on keessaa fide mara: loltoota, dubartoota, ijoolle'ee fi worra mana mootichaa keessa hujanu mara deebifatane. \v 17 Jarri tun Worra Baabilonii jalaa miliqiisaaf ka'anee Betlihem bira Kiimhaa qubatane; achii ka'anee gara biyya Gibxi'ii deemiisaaf qophowane; \v 18 Sababa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa, ka mootiin Baabilonii bulchaa godhe ijjeeseef, isaan worra Baabilonii waan sodaataneef, gara biyya Gibxi'ii baqatane. \c 42 \s1 Kolbaan akka Ermiyaas Isaaniif Daadimatu Gaafatte \p \v 1 Achiin duuba ajajjooti loltootaa marti, ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ilmi Hoshaa'iya'aa Ya'azaaniyaan, kolbaan marti gudda'aa haga diqqa'aatitti gara Ermiyaasii dhufanee, \v 2 «Maganne'e, waan nuuti si kadhannu nu'uuf dhage'i! Nuuti dur nama heddu'u; amma ammoo akkuma ati dhaggitu nama diqqaa qofatti hafe; nu worra hafe kana maraaf gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii daadimadhu. \v 3 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti eessa akka nuuti deennuu fi maan akka nuuti goonu akka nutti himu, nu'uuf daadimadhu» isaan jedhane. \p \v 4 Ermiyaasiin raagichi deebisee, «Dansa'a! Akkuma isin na gaafattane gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii isiniif hin daadimadha; waan Mootiin Waan Maraa jedhu mara tokkolle adoo hin hamburin isinitti hin hima» jedhe. \p \v 5 Achiin duuba isaan Ermiyaasiin, «Waan akka ati nutti hintuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si erge, yoo nuuti hin godhin, Mootiin Waan Maraa ifiifuu dhugaa bayaa addatamaa nu irratti te'uu ti. \v 6 Nu'uuf toltulle yookiin hammaattulle Mootii Waan Maraa Waaqa keenna ka itti si erganne saniif hin ajajanna; akka wonni dansaan nu'uuf teetu, Mootii Waan Maraa Waaqa kanaaf hin ajajanna» jedhane. \s1 Mootiin Waan Maraa Daadimata Ermiyaasiitiif Deebii kenne \p \v 7 Guyyaa kudhaniin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe; \v 8 maarre inni ilma Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjoota loltootaa ka isa woliin jiranu mara, kolbaa mara gudda'aa haga diqqa'aatitti gara isaa akka dhufanu wolitti waamee, \v 9 isaaniin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, akka ani isiniif gaafadhu ka isin itti na ergitane, \v 10 ‹Ani badii isin irratti fide saniin waan gaddeef, yoo isin lafa kana turtane ani isin hin ijaara malee hin diigu; isin hin dhaaba malee hin buqqisu. \v 11 Mootii Baabilonii ka amma sodaattanu kana hin sodaatina'a! Ani isin woliin waan jiruuf, isin hin qarqaara; harka isaa jalalle'ee isin hin baasa; isa hin sodaatina'a! \v 12 Ani isiniif hin marara; innille isiniif mararee gara lafa teessaniititti isin hin deebisa› jedha. \p \v 13 «Te'uu malee, isin, ‹Nuuti lafa tana keessa hin teennu› jettanee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif yoo hin ajajamin, \v 14 akkasuma, ‹Lakkii, nuuti lafa lola itti hin dhaggine yookiin addee qoonqoo tultulla'aa itti hin dhageennee fi addee itti hin beelonne gara lafa Gibxi'ii dhandhee achi hin leena› yoo jetanne, \v 15 yoona, isin worri biyya Yihuda'aa keessatti hattane, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Mootiin Waan Maraa Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isin biyya Gibxi'ii dhaxxanee achi le'iisaaf yoo murteeffattane, \v 16 shallaagaan isin sodaattane achitti isinitti hin dhutti; beelti isin sodaattanelle biyya Gibxi'ii keessatti isin gula hin dhutti; isinille achitti hin duutan. \v 17 Worri biyya Gibxi'ii dhaqee achi le'iisaaf murteeffate marti shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan hin du'an; balaa yookiin badii ani isaan irratti fidu jalaa nami jiru'uun hafu yookiin ka miliqu tokkolle hin jiru.› \p \v 18 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Aari'ii fi mufiin tiyya worra Yerusaalem keessa le'utti akkuma dhangalaate, yennaa isin biyya Gibxi'iititti galtane mufiin tiyya isin irralle'etti hin dhangalaati; isin waan abaarsaatii fi jibbamaa, jecha abaarsaatii fi coora'aa hin teetan. Addee tana deebitanee hin dhaggitanu› jedha» jedhe. \p \v 19 Ee isin worra Yihudaa keessatti hattane, Mootiin Waan Maraa, «Gara biyya Gibxi'ii hin dhaqina'a» isiniin jedheera; anille adha tana akka isin ifi eeggachisiise beeka'a. \v 20 Isin, «Mootii Waan Maraa Waaqa keenna nu'uuf daadimadhuutii, waan inni si'iin jedhe mara nu'utti himi; nuutille isaaf hin ajajanna» jettanee gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii yennaa na ergitane, jiruu teessan irratti dokonkora hujjane. \v 21 Maarre ani waan inni natti hime mara adha isinitti himeera; isin ammoo waan inni na ergeeruun, ani isinitti hime maraan Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif haga ammaa hin ajajanne. \v 22 Amma yoona addee dhaxxanee qubatiisaaf barbaaddane sanitti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan akka duutanu beeka'a. \c 43 \s1 Ermiyaas Gara Gibxi'ii Geessane \p \v 1 Ermiyaas jecha Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaanii mara ka inni akka inni isaanitti himuuf isa erge san kolbaa maratti himee yennaa fixe, \v 2 ilmi Hoshaa'iya'aa Azaariyaan, ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi worri kooru marti Ermiyaasiin, «Ati hin hollitta! Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, ‹Achi qubatiisaaf gara biyya Gibxi'ii hin dhaqina'a› jettee akka nutti hintuuf gara keenna si hin ergine. \v 3 Ammoo ilmi Neriiya'aa Baaruk akka nuuti harka worra Baabiloniititti dabarfannee kennannee ijjeefannuuf yookiin booji'anee gara biyya Baabilonii akka nu geessanuuf nu irratti si kakkaaseera» jedhane. \p \v 4 Maarre ilmi Qaarehaa Yohaannaan, ajajjooti loltootaa martii fi kolbaan marti Mootii Waan Maraatiif ajajamanee biyyaa Yihuda'aa keessa le'iisa didane. \v 5 Ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltoota marti ammoo, Yihudaa biyya Yihuda'aa keessa le'iisaaf gosa biyya adda addaa addee itti bittinnowane keessaa deebi'anee dhufane mara fudhatanee deemane. \v 6 Akkasuma dhiira, dubartii, ijoolle'ee fi ijoollee mootichaa ta durraa, ta ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan harka akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaam Gedaaliya'aatitti lakkisee fi Ermiyaasii raagicha, ilma Neriiya'aa Baarukille fudhatanee deemane. \v 7 Maarre isaan Mootii Waan Maraatiif ajajamuu didanee, biyya Gibxi'ii seenanee haga qachaa Taahafeneetii deemane. \p \v 8 Qachaa Taahafeneetii keessatti jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, \v 9 «Dhakoota gugurdaa fuudhiitii, seensuma balbala mana mootumma'aa ta Fara'oonii, ta qachaa Taahafeneetii keessaatitti, adoo Yihudooti dhaggituu lafa faarri loobame itti afame jalatti awwaali. \v 10 Achiin duuba isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan mara Dade, Waaqi Israa'elii: Ani tajaajilaa kiyya mootii Baabilonii Nebukadnezaar waamee fidee, barcumaa mootumma'aa ka isaa dhakoota amma ani asitti awwaale kana irra hin keya; innille dunkaanii mootummaa ifii dhakoota kana irratti hin dhaabata. \v 11 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaarii dhufee worra Gibxi'ii hin lola; worra duuti itti murante hin ijjeesa; worra boojuun itti murante hin booji'a; worra shallaaga'aan akka du'u itti murante, shallaaga'aan hin ijjeesa. \v 12 Inni galma waaqota Gibxi'ii hin guba; waaqota isaaniille hin booji'a; akkuma tisseen woyaa irratti woyaa facaafattu, inni biyya Gibxi'ii biyya ifii irratti ede'atee nageyaan hin deema. \v 13 Inni soodduu galma waaqota adu'uu ka Gibxii keessaa hin caccassa; mana waaqota Gibxi'iille hin guba jedha› jedhiin» jedhe. \c 44 \s1 Badii Waaqota Dharaa Waaqonfatiis Fide \p \v 1 Marroo Yihudoota biyya Gibxi'ii keessa qachaa Miigdo'oo, Taahafenee, Nofiitii fi Phaaxrosii keessa le'anu maraaf, jechi Mootii Waan Maraa gara ana Ermiyaasii dhufee, \v 2 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Qachaa Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuda'aa mara irratti badii guddoo ani fide isinuu dhaggitaneertan; kunoo adha isaan diigamanee onanee ka nami keessa hin jirre te'aneeran. \v 3 Kunille sababa hammeenna isaan hujaneef isaan irratti teete; isaan waaqota dhibii ka isin, abbootiin teessan yookiin isaanuu ka ifiifuu hin beenneef hixaana aarsanee waaqonfatiisaan na aarsaneeran. \v 4 Ani, ‹Waan jibbisiisaa ani jibbu kana hin hujina'a› jedhee yennaa hedduu tajaajiltoota tiyya raagota isaanitti ergeeraayyu. \v 5 Isaan ammoo na hin caqanne; hin qalbeeffannelle'e; hammeenna ifii irraa hin deebine; waaqota dhibi'iifille hixaana aarsiisa hin lakkinne. \v 6 Tanaaf, aariin tiyya ta bobeettu dhangalaatee, qachoota Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti bobeettee, akkuma adha dhaggitanu kana diigamanee, ona akka te'anu goote. \p \v 7 «Ammalle ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, Waaqi Israa'elii, ‹Dhiirtii fi dubartiin, ijoolle'ee fi daa'immaan Yihudaa keessatti akka hin hanneef, badii guddoo akkasii maaf ifi irratti fiddan?› jedhee isin gaafadha. \v 8 Addee le'iisaaf dhuttane tana keessatti, waaqota dhibii biyya Gibxi'ii keessaatiif, hixaana aarsiisaan, waanuma harki keessan hujeen maaf na aarsitan? Ifi balleessitanee gosa biyya biyya adda addaa ta lafa irraa oddu'utti waan abaarsaatii fi coora'aa ifi hin gootan. \v 9 Isin hammeenna abbootiin teessan ta durii, moototi Yihuda'aatii fi giittoti isaanii, isinii fi giittoti teessan lafa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessatti hujjane deetaneertanii ree? \v 10 Isin haga adhaa ifi gad hin qanne yookiin ulfinna naaf hin kennine; seeraa fi seerata ani isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kennelle hin hordofanne. \p \v 11 «Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, badii isin irratti fidee, kolbaa Yihuda'aa ijjumaa balleessiisaaf murteeffadheera. \v 12 Yihudoota worra biyya Yihuda'aa keessatti baraaree hafe, ka biyya Gibxi'ii dhaqee achi qubatiisaaf murteeffate hin fixa; isaan biyya Gibxi'ii keessatti shallaaga'aa fi beelaan hin dhumatan; diqqa'aa haga gudda'aatitti shallaaga'aa fi beelaan hin dhumatan; isaan waan abaarsaatii fi jibbamaa, jecha abaarsaatii fi coora'aa hin te'an. \v 13 Ani akkuma Yerusaalem adabe, worra biyya Gibxi'ii keessa le'ulle shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan hin adaba. \v 14 Worri Yihudaa keessatti baraaree hafee achi le'iisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqe, gara biyya Yihuda'aa deebi'anee le'iisaaf halchanulle, worra baqatee deebi'u garii malee, miliqee jalaa bayee yookiin jiru'uun hafee, gara biyya Yihuda'aa ka deebi'u tokkolle hin jiraatu» jedhe. \p \v 15 Achiin duuba wolde'i guddaan kolbaa Yihudootaa ka biyya Gibxi'ii gara kibbaatii fi kaabaa le'anu dhiirti worri niitoti isaanii waaqota dhibi'iif hixaana akka aarsaaranu beekanu marti, dubartooti achi jiranu marti Ermiyaasiin, \v 16 «Ergaa ati maqaa Mootii Waan Maraatiin nutti dubbatu tana nuuti caqasuu hin barbaannu! \v 17 Nuuti waan hin tolchina jenne mara hin tolchina; akkuma abbootiin teenna, moototi teennaa fi qondaaltoti teenna qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti tolchane nuutille mootittii ol-gubba'aatiif hixaana hin aarsina; kennansa daadhii woyni'iille hin dhibaanna\f + \fr 44:17 \fr*\fqa Hin dhibaanna: \fqa*\fqa Yookiin hin dhibaanya \fqa*\f*; bara san nuuti sagalee bacaa qannaayyu; akka dansaa leena malee wonni hantuun nu hin dhaqqadduuyyu. \v 18 Waaqa dharaa mootittii ol-gubba'aatiif hixaana aarsiisaa fi daadhii woyni'ii dhibaasiisa haga lakkinnee as ammoo waan mara dhanneerra; shallaaga'aa fi beelaan dhumatiisatti jirra» jedhane. \v 19 Dubartooti itti dabalanee, «Waaqa dharaa mootittii ol-gubba'aatiif hixaana yennaa aarsinuu fi daadhii woyni'ii yennaa dhibaannu, akka nuuti daabboo fakkii isi'iititti bilcheessinuu fi kennansa daadhii woyni'ii akka isi'iif dhikeessinu dhirsooleen teenna hin beekan» jedhane. \v 20 Achiin duuba Ermiyaas dhiirotaa fi dubartoota worra deebii tana isaaf kennane maraan, \v 21 «Isinii fi abbootiin teessan ta durii, moototii teessanii fi qondaaltoti teessan, kolbaa lafa sanii qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessatti hixaana aarsitane Mootiin Waan Maraa waan hin qaabanne seetanii? Marroo waan sanii inni dedheera seetanii? \v 22 Mootiin Waan Maraa hujii teessan hantu'uu fi waan battii isin hujjane ossuu hin dandeenne; tanaaf latti ontee, akkuma adha jirtu tana lafa abaarsaa ta nami keessa hin jirre teete. \v 23 Isin hixaana aarsiisaan Mootii Waan Maraa yakkitanee isaaf waan hin ajajaminiif, seera, seerataa fi ajaja isaa waan hin eegatiniif, adha akkuma dhaggitanu badiin tun isin irratti dhutte» jedhe. \p \v 24 Achiin duuba Ermiyaas kolba'aa fi dubartoota maraan, «Isin Kolbaan Yihuda'aa ta biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! \v 25 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isinii fi niitoti teessan, waaqa dharaa Mootittii ol-gubba'aatiif: Nuuti dhugumaa hixaana hin aarsina; daadhii woyni'ii hin dhibaanya jettanee waadaa galtane muummessitaneertan; dhaqa'aatii waadaa galtane san muummessa'a› jedha. \v 26 Isin Yihudooti biyya Gibxi'ii keessa leetanu ammoo, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Mootiin Waan Maraa, ‹Yihudoota worra biyya Gibxi'ii leetanu kana keessaa, nami tokkolle haganaa achi: Dhugaa Waaqa jiraata'aa jedhee maqaa kiyya akka hin dhoonne yookiin maqaa kiyyaan akka hin kakanne, ani maqaa kiyya gudda'aan kakadheera. \v 27 Ani kunoo waan hantuu isinitti fida malee waan dansaan isinitti hin fidu; isin Yihudooti worri biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti ijjumaa haga baddanutti, shallaaga'aa fi beelaan hin dhumattan. \v 28 Isin keessaa worri diqqaan shallaagaa jalaa miliqee biyya Gibxi'ii keessaa gara lafa Yihuda'aa hin deebi'a; worri Yihudootaa ka baraaree hafee biyya Gibxi'ii le'iisaaf dhufe duudiin, dubbii ani dubbadhe yookiin dubbii isaan dubbatane keessaa dhugaan tami akka teete hin beekan. \v 29 Ani Mootiin Waan Maraa addee tanatti isin adabiis, tun beessisa isiniif hin teeti. Tun teetuun yennaa dhaggitane, adabbiin ani: Isin hin adaba jedhe dhugaa akka teetee hin beettan. \v 30 Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa diina isa ijjeesiisaaf barbaadu, mootii Baabilonii harka Nebukadnezaariititti dabarsee akkuma kenne, mootii Gibxi'ii Fara'oon Hofraa diinota isaa ka isa ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isa hin kenna› jedha» jedhe. \c 45 \s1 Waadaa Waaqi Baaruukiif Gale \p \v 1 Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, ilmi Neriiya'aa Baaruk waan Ermiyaas afaaniin isatti himuun inni kitaaba maramaa irratti barreesseen duuba, dubbiin Ermiyaas Baarukitti dubbate ta asii gad jirtu: \v 2 Ee Baaruk, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, \v 3 «Ati, ‹Mootiin Waan Maraa miidhama kiyya irratti gadda waan dabaleef naaf aanne'e; ani aadiisaan dadhabee foora dhabeera› jetteerta. \p \v 4 «Mootiin Waan Maraa ammoo, ‹Lafa Yihuda'aa mara irratti waan ijaare hin diiga; waan dhaabe hin buqqisa. \v 5 Ati waan guddoo ifiif halchitaa? Lakkii, ani nama mara irratti badii waan fiduuf, tana hin halchin. Addee dhaxxe maratti ammoo akka ati hin duune hin godha› jedha» jedhe. \c 46 \s1 Ergaa Marroo Biyya Gibxi'ii \p \v 1 Ergaan marroo gosa biyya adda addaatiif gara Ermiyaasii dhutte ta asii gad jirtu: \v 2 Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, qachaa karkemeshii laga Efraaxiisii biratti, loltoota mootii Gibxi'ii Fara'oon Nekoonii, ta mootiin Baabilonii Nebukadnezaar injifate irratti, ergaan marroo Gibxi'iitiif dubbatante ta asii gad jirtu: \q1 \v 3 «Wontee teessan gugurdo'oo fi didiqqoo qopheeffadha'a, \q2 lolaafille baya'a! \q1 \v 4 Farda keessan bixaalladha'a! \q1 Gullee teessan ta sibiilaa keyadha'aatii addee qabadha'a! \q2 Eboo keessan qaradha'aatii \q2 qomoo teessan ta sibiilaa uffadha'a. \b \q1 \v 5 «Mootii Waan Maraa, ‹Wonni ani dhaggu kun maan? \q2 Isaan bararaqaneeran; \q2 gara duubaa deebi'aneeran; \q2 loltooti isaanii jajjaboon injifatamaneeran; \q2 ifi duuba adoo hin ilaalin \q2 ariiti'iin baqataaran; \q2 bararaqiisi isaan marseera› jedha. \q1 \v 6 Worri akka malee rukkisu, \q2 worri jajjabille jalaa bayuu hin dande'u; \q2 biyya gara kaabaa laga Efraaxiisii biratti, \q2 gufatanee hin jigan. \q1 \v 7 Ka akka laga Nayilii ol ka'u, \q2 ka akka laga guutee irraan dhangala'uu kun eennu? \q1 \v 8 Gibxi akka laga Nayilii ka ol ka'uu ti; \q2 akka bisaan laga guutee irraan dhangala'uu ti. \q1 Isiin, ‹Ani ka'ee lafa hin golla; \q2 qachootaa fi namoota isa keessa le'anulle hin balleessa› jetti. \q1 \v 9 Ee abbootii fardaa, ka'a'a! \q2 Worri garreettaa fardaan harkifamu oottanulle ariiti'iin oofa'a! \q1 Worri Itoophiya'aatii\f + \fr 46:9 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Kuushi jedha\ft*\f* fi Fuxii ka wontee qabattaneertanu, \q2 goototi Ludii ka guubee qopheeffattaneertanu, \q2 ka'a'aatii duula'a. \q1 \v 10 Guyyaan sun ammoo guyyaa Gootta'aa, \q2 Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'uu ti; \q2 guyyaa inni diinota ifii haluu bayu; \q2 shallaagaan isaa haga quufutti isaan hin nyaata; \q2 haga dheebuu bawutti dhiiga isaanii hin una. \q1 Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'uuf, \q2 biyya gara kaabaa laga Efraaxiisii biratti \q2 ciincaan hin dhikaata. \q1 \v 11 Ee kolbaa Gibxi'ii ta akka intala durraa, \q2 gara Giil'aadii dhaqa'aatii qorsa dibatanu barbaadadha'a; \q2 isin akkasumaan qorsa barbaadattan malee, \q2 hin fayyitanu. \q1 \v 12 Gosi biyya adda addaa marti salphinna keessan hin dhage'an; \q2 iyyi teessanille lafa hin guuti; \q2 loltooti loltootaan gufatanee \q2 lamaanuu woliin hin jigan» jedhe. \s1 Dhufa Nebukadnezaarii \p \v 13 Mootii Baabilonii Nebukadnezaarii dhufee biyya Gibxi'ii akka lolu ergaan Mootiin Waan Maraa Ermiyaasitti dubbatte ta asii gad jirtu: \q1 \v 14 «Shallaagaan worra adaala keessan jiru waan fixxuuf, \q2 addee teessan qabadha'aatii qophowa'a!» jedhiitii, \q2 ergaa tana biyya Gibxi'ii keessatti lassi; \q2 worra qachaa Miigdolii, Nofiitii fi Taahafenee keessa jiru maralle'eef lallabi. \q1 \v 15 Loltooti teessan jajjabi maaf jigane? \q2 Mootiin Waan Maraa waan isaan gad darbuuf \q2 dhaabbatuu hin dande'anu; \q1 \v 16 Isaan waan guggufatanuuf \q2 wol irratti hin jijjigan; \q2 wol woliin, «Kowa'a gara kolbaa teennaatii fi \q2 gara lafa teennaa deebina; \q2 shallaagaa diina keennaa jalalle'ee baqanna» hin jedhan. \q \v 17 Isaan achitti, «Mootii Gibxi'ii Fara'oon, nama afaan calla'aa, \q2 ka carraa ifiititti hin fayyadanne» jedhanee maman. \q1 \v 18 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, \q2 mootichi, «Ani jiraata'a; mootichi hunnaamessi \q2 ka akka gaara Taaborii ka gaarota oddu'utti mudhatuu, \q2 ka akka gaara Qarmelosii \q2 ka abbaayaa qarqara jiruu fakkaatu hin dhufa. \q1 \v 19 Isin worri biyya Gibxi'ii keessa leetanu \q2 booji'amiisaaf meya keessan qopheeffadha'a; \q2 qachaan Noofii diigamee, onee \q2 ka nami keessa hin jirre hin te'a. \q1 \v 20 Gibxi akka goronsa miidhaguu ti; \q2 faachi isii iddu ammoo gara kaabaatii itti hin dhufa. \q1 \v 21 Loltooti biyya Gibxi'ii keessatti bitamanee odduu isaanii jiranu, \q2 worri akka dardara coome, \q2 yennaan isaan adabamanuu fi \q2 guyyaan badii isaanii waan dhikaateef, \q2 isaan gara duubaa deebi'anee hin baqatan; \q2 addee dhaabbatanetti ifi irraa dhooggatiisa hin dande'anu. \q1 \v 22 Diinni isaan loliisaaf akka nama muka muruu, \q2 agaraa qabatee waan itti dhufuuf, \q2 worri Gibxi'ii akka dhudhuufa'aa siissaa, \q2 isaan duraa hin baqatan. \q1 \v 23 Isaan loltoota Gibxi'ii ta akka gongomaa cigga'aa \q2 ciranee hin fixan; \q2 Laakkossi loltoota sanii \q2 akka awwaannisaa bacaa waan te'aneef, \q2 nami isaan laakkowuu hin dande'u. \q1 \v 24 Kolbaan biyya Gibxi'ii hin salphatti; \q2 kolbaa gara kaabaatitti dabarfantee hin kennanti» jedha. \p \v 25 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, «Amoonii waaqa qachaa Tebesii, biyya Gibxi'ii, moototaa fi waaqota isi'ii, worra mooticha isi'iititti addatu mara hin adaba; \v 26 Nebukadnezaarii mootii Baabiloniitii fi loltoota isaa worra isaan ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isaan hin kenna; te'uu malee, gara duraa ammoo biyyi Gibxi'ii akkuma durii ta nami keessa le'u hin teeti. \b \q1 \v 27 «Ee tajaajiltoota tiyya \q2 sanyii Yaaqoobii hin sodaatina'a; \q2 Ee kolbaa Israa'elii hin rifatina'a! \q1 Ani biyya fago'ootii isin hin fida; \q2 sanyii teessanille \q2 lafa isaan itti booji'amanee jiranu keessaa hin baasa; \q2 sanyiin Yaaqoobii deebitee nageyaan leeti. \q2 Nami isaan sodaachisulle hin jiraatu. \q1 \v 28 Ee tajaajiltoota tiyya sanyii Yaaqoobii, \q2 ani isin woliin waan jiruuf hin sodaatina'a! \q1 Gosa biyya adda addaa \q2 ta ani odduu isaaniititti isin bittinneesse mara hin balleessa; \q2 isin ammoo hin balleessu. \q1 Ani haqaan isin adaba malee, \q2 adoo isin hin adabin hin lakkisu» jedha. \c 47 \s1 Ergaa Marroo Biyya Filisxeemotaa \p \v 1 Mootiin Gibxi'ii Fara'oon qachaa Gaaza'aa lolee adoo hin injifatiniin dura marroo Filisxeemotaa ergaan Mootii Waan Maraa ta gara Ermiyaasii dhutte ta asii gad jirtu: \v 2 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, karaa Kaabaatiin bisaan guutee dhufiisatti jira: \q1 «Lolaa jabaa hin te'a; \q2 lafa sanii fi waan achi keessa jiru mara \q2 qacha'aa fi waan qachaa keessa jiru mara hin golla. \q1 Kolbaan qoonqoo ol qabattee hin iyyiti; \q2 namooti lafa irra le'anu marti wiiccifatanee hin bowan. \q1 \v 3 Sababa hididdeettii kottee fardo'ootii fi \q2 garreettaa diinaa, \q2 sababa kokokkeessa korbo'ootiif, \q2 abbootiin hunna waan dadhadduuf, \q2 ijoollee ifii qarqaariisaaf duubatti hin deebitu. \q1 \v 4 Filisxeemota mara balleessiisaaf, \q2 worra hafee isaan qarqaaru mara, \q2 Xiiroosii fi Sidoon keessaa \q2 guyyaan ani isaan balleessu dhikaateera; \q2 worra Filisxeemotaa ka hafane, \q2 ka dur oddoola Kaftoriitii dhufane, \q2 ani balleessiisaaf ka'eera. \q1 \v 5 Kolbaan qachaa Gaaza'aa gaddanee mataa ifii hin haadatan; \q2 kolbaan qachaa Ashiqalonii hin dhumatti. \q1 Isin worri dhooqa keessatti baraaree hattane \q2 haga yoomii gadditanee nafa ifi mummurtan? \q1 \v 6 «Isin, ‹Ee shallaagaa Mootii Waan Maraa! \q2 Ati yoom foorfatta? \q1 Gonofaa keetitti deebi'iitii \q2 cadhi jedhii tee'i› jedhaa hin iyyitan. \q1 \v 7 Ani Mootiin Waan Maraa shallaagaa kiyya \q2 qachaa Ashiqaloniitii fi \q2 worra qarqara abbaaya'aa akka loltuuf eega ajaje, \q2 attam foorfata ree?» jedhe. \c 48 \s1 Ergaa Marroo Mo'aabii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, Marroo Mo'aabii, \q1 «Qachaan Nebo'oo waan diigamuuf, \q2 isaaf aanne'e! \q1 Qachaan Kiriiyat-Aayimii hin salphata; hin qabamalle'e \q2 kusheen jadduun isaalle hin salphatti; \q2 hin diigantille'e. \q1 \v 2 Haganaa achi Mo'aab deebitee hin leellifantu; \q2 namooti qachaa Heshiboonii keessatti \q2 Mo'aab deebitee akka hin beekkanne, \q2 ‹Kowa'a biyya Mo'aabii balleessina› jedhaa mala itti hin dhowan; \q2 worri qachaa Maadmeenii keessaalle hin dhumata; \q2 shallaagaan isaan hin ari'a. \q1 \v 3 Iyya Horonaayim keessaa, \q2 ta diigamiisaatii fi ta badii guddo'oo caqasa'a! \q1 \v 4 Mo'aab hin diiganti; \q2 ijoolleen isi'iille hin iyyiti. \q1 \v 5 Bowaa gara Luhiitii ol hin bayan; \q2 badiin waan isaan dhaqqaddeef, \q2 wiiccifatanee bowaa qachaa Horonaayimii irraa gad hin bu'an. \q1 \v 6 Baqadha'aatii, lubbuu teessan hamburadha'a! \q2 Akka kolbaa qachaa Aro'erii ta goomolee keessaa fagaadha'a! \q1 \v 7 Hujii teessanii fi durummaa teessanitti waan addatanuuf, \q2 isin hin booji'antan; \q2 waaqi dharaa kemoshille hayyootaa fi \q2 qondaaltota ifii mara woliin hin booji'ama. \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa waan dubbateef, \q2 ka qachaa balleessu \q2 qachaa tokko tokkooyyuu loliisaaf hin dhufa; \q2 qachaan tokkolle miliqee jalaa hin bayu; \q2 dhooqii fi latti gooroo irraa hin badan. \q1 \v 9 Mo'aab duwwaa waan teetuuf, \q2 soodda itti facaasa'a; \q2 qachaan isi'ii onee ka nami keessa hin jirre hin te'a» jedha. \p \v 10 Nami hujii Mootii Waan Maraa hujiisaaf rincicu ka abaarame te'uu ti; \q1 Mootiin Waan Maraa ajajeeruun, \q2 nami shallaagaa ifii \q2 akka dhiiga hin dhangalaanne dhooggatu, \q2 ka abaarame te'uu ti. \s1 Qachaan Mo'aabii Bade \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Mo'aab ijoollumma'aa jalqaddee \q2 rakkoo hin beettu; \q2 isiin akka daadhii woyni'ii ta qararantee, \q2 okkotee taan irraa gara okkotee dhibi'ii \q2 adoo hin naqamin turtee, \q2 ta mi'aan isi'ii akkuma qaraa jiruutii fi \q2 ta uddaan isi'ii hin jijjiiraminii ti; \q2 kolbaan isi'ii booji'antee hin beettu. \q1 \v 12 Tanaaf guyyaan ani namoota akka okkote'ee \q2 Mo'aab dhudhulchanu ergu hin dhufa; \q2 isaan Mo'aab akka okkote'ee dhuldhuchanee \q2 duwwaa hamburanee hin caccassan. \q1 \v 13 Akkuma Israa'elooti, \q2 yennaa waaqa dharaa Bet'elitti addatane salphatane, \q2 Mo'aabotille waaqa ifii ka dharaa Kemoshiin hin salphatan. \q1 \v 14 Isin kolbaan Mo'aabii, \q2 attam, ‹Nuuti loltoota hunnaameyyi'i; \q2 nuuti loltoota janna› ifiin jettan? \q1 \v 15 Ani mootichi, \q2 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, \q2 ‹Mo'aab hin baddi; \q2 qachaan isi'iille hin qabatama; \q2 dargaggooti isi'ii ta dhiiraa \q2 worri mimmidhaagaan hin ijjeefaman› jedhee dubbadheera. \q1 \v 16 Jinnanni Mo'aabii dhikaateera; \q2 badiin isi'iille ariiti'iin hin dhutti. \b \q1 \v 17 «Worri adaala isi'ii jirtanu marti, \q2 worri gurra isi'ii beettanu marti, \q1 ‹Uleen isi'ii ta bokku'uu hunnaamettiin, \q2 uleen isi'ii ta ulfinnaa attamiin cadde?› jedha'aatii isi'iif bowa'a. \q1 \v 18 Mo'aab ka balleessu \q2 isin loliisaaf dhufee, \q2 qachoota keessan ka dalleya dhaka'aa qabu waan diiguuf, \q2 isin worri qachaa Diibonii keessa leetanu, \q2 addee teessan ta ulfinnaa san irraa gad bu'a'aatii \q2 lafa godduu irra tee'a'a! \q1 \v 19 Isin worri qachaa Aro'er keessa leetanu, \q2 karaa irra dhaabbadha'aatii eega'a; \q2 nama baqatuu fi dubartii milixxu, \q2 ‹Maanti maan te'e?› jedha'aatii gaafadha'a. \q1 \v 20 Isaanille, ‹Mo'aab waan diiganteef salphatteerti. \q2 Isi'iif wiiccifadha'aatii bowa'a! \q1 Akka isiin baddelle laga Aarnonii biratti lallaba'a› hin jedhan. \p \v 21 «Qachoota gooroo irraa keessaa Holoon, Yaahaz, Mefaat irratti, \v 22 Diibon, Neboonii fi Bet-Diiblaataayim irratti, \v 23 Kiriiyat-Aayim, Bet-Gaamul, Bet-Me'on irratti, \v 24 Keriyotii fi Bozraa irratti, qachoota Mo'aabii ka dhiko'oo fi fagoo jiranu mara irratti muraan dhutteerti. \v 25 Gaafi Mo'aabii cabeera; irreen isi'iille caddeerti» jedha. \s1 Salphinna Mo'aabii \p \v 26 Mootiin Waan Maraa, «Mo'aab na caalaa waan ifi gudditteef, akka machoottu, diddiga ifii irralle'etti jiddee akka itti kollanu hin godha. \v 27 Ee Mo'aab! Kolbaan Israa'elii tun hanna irratti qabanteertii? \q2 Ati yennaa waan isaanii dubbattu maaf mataa raasaa itti murgita ree? \q1 \v 28 Ee isin worri Mo'aab keessa leetanu, \q2 qachoota keessaa baya'aatii rassaa keessa le'a'a; \q2 akka saphaliisa goda qarqaratti mana ijaaratuu te'a'a. \b \q1 \v 29 «Nuuti koora Mo'aabii, \q2 guddoo bondhooriisa isi'iitii fi ifi saadiisa isi'ii, \q2 kooraa fi hunnaan nama irratti ka'iisa isi'ii, \q2 tuffii isi'iille dhageenneerra. \q1 \v 30 Ani Mootiin Waan Maraa koorri isi'ii soba akka te'e hin beeka; \q2 ifi jajiis isi'ii kun womaa hin bayu. \q1 \v 31 Tanaaf, ani Mo'aabiif hin wiiccifadha; \q2 nama Mo'aab keessa jiru maraaf hin bowa; \q2 worra Qiir-Heresiitiifille hin gadda. \q1 \v 32 Ee muka woynii qachaa Siibmaa, \q2 qachaa Yaazeriitiif haga bowu caalaa si'iif hin bowa; \q2 dameeleen teeti haga qarqara abbaaya'aa, \q2 haga abbaayaa Yaazerii banqaaqaneeran. \q2 Ka balleessu dhufee, \q2 midhaan dura bilchaatee fi \q2 unkuruura woyni'ii hin balleessa. \q1 \v 33 Fichaa Mo'aabii ka midhaan dansaa kennu keessaa, \q2 gammadaa fi ililleettiin dhabanteerti; \q2 ani daadhii woyni'ii addee itti cunfanu keessaa balleesseera; \q2 nami gelele'een cunfu hin jiru; \q2 hogaan jiraatulle, \q2 hogaa gammadaatii moti. \b \q1 \v 34 «Qoonqoon iyya isaanii \q2 Heshiboon keessaa haga El'aaleetii fi \q2 haga Yaahaziititti, \q2 Zo'aari keessaa haga Horonaayimiitii fi \q2 haga Eglaat Shelshiiya'aatitti hin dhage'anti; \q2 bisaan Niimriimiituu hin goga. \q1 \v 35 Ani worra addee waaqonfanna'aa irratti, \q2 kennansa dhikeessu fi \q2 worra waaqota dharaa ifiitiif hixaana aarsu, \q2 Mo'aab keessaa hin balleessa. \q1 \v 36 Qabeenni Mo'aabiitii fi \q2 kolbaa Qir-Heresii waan badeef, \q2 akka worra suusullee gaddaa afuufaa gadduu, \q2 gadhaan kiyya isaaniif hin gadda. \q1 \v 37 Marti isaanii mataa haadatanee, \q2 areeda ifiille quxataneeran; \q2 harka ifii mummuratanee, \q2 woyaa gaddaa uffataneeran. \q1 \v 38 Akka okkotee nami hin barbaannee, \q2 ani Mo'aab waan casseef, \q2 heellichoo mana Mo'aabii mara irraa fi \q2 woldeennaa kara'aa mara irratti, \q2 bowa malee wonni dhage'amu hin jiru. \q1 \v 39 Mo'aab attam attam bututte! \q2 Kolbaan isi'ii attam attam wiiccifatte! \q2 Isiin attam attam salphattee duubatti deebite! \q1 Mo'aab ta nami itti kollu, \q2 worra adaala isi'ii jiru maratti, \q2 waan hantuu nami dhaggee bararaqu teeteerti» jedha. \b \q1 \v 40 Ammalle Mootiin Waan Maraa, \q2 «Kunoo, akka risaa koola ifii badhisee xinniquu, \q2 diinni Mo'aab irratti hin dhufa. \q1 \v 41 Qachooti isi'ii hin qabaman; \q2 kusheen isi'ii jadduun hin fudhataman; \q2 guyyaa san loltooti Mo'aabii, \q2 sodaatanee akka dubartii ciniinsifattuu hin te'an. \q1 \v 42 Mo'aab ana Mootiin Waan Maraa irratti waan ifi saaddeef, \q2 mootummaan isi'ii hin baddi. \q1 \v 43 Ee kolbaa Mo'aabii, \q2 bararaqi, boollii fi tiyyoon isin dura jirti. \q1 \v 44 Bara ani isaan adabu worri bararaqee baqatu \q2 boolla keessa hin bu'a; \q2 worri boolla keessaa utaalee bawu, \q2 tiyyo'oon hin qabama. \q1 \v 45 Qachaa Heshiboonii keessaa ibiddi, \q2 mana Sihoonii mootichaa keessalle'ee bobe'i ibiddaa bayee, \q2 adda Mo'aabii, \q2 buqqii mataa worra hogisee kooruu, \q2 gubee hin balleessa. \q1 Worri baqatee gara Heshoobii dhufe, \q2 dadhabee gaaddisa isi'ii jala hin dhaabata. \q1 \v 46 Ee Mo'aab si'iif aanne'e! \q2 Kolbaan Kemoshii baddeerti; \q2 ilmaan teessan qabamaneeran; \q2 ijoolleen duraa teessanille \q2 booji'amaneeran. \b \q1 \v 47 «Te'uu malee barri ani worra Mo'aab keessaa booji'ame \q2 adde'etti deebisu hin dhufa; \q2 muraan Mo'aab irratti murante as irratti dhumatti» jedha. \c 49 \s1 Ergaa Marroo Biyya Amoonii \p \v 1 Marroo Amoonotaatiif Mootiin Waan Maraa, «Israa'el ilmaan dhiiraa hin qabuu? \q2 Ta isa dhaaltu hin jirtuu? \q2 Worri waaqa dharaa Miilkom waaqonfatu \q2 maaf sanyii Gaadii ari'ee, \q2 lafa isaanii qabatee qachaa isaanii keessa qubatte ree? \q1 \v 2 Tanaaf, guyyaan ani qachaa Amoonotaa Raabaa irratti \q2 iyya lolaa dhageessisu hin dhufa; \q2 qachaan sun diigamee tuulaa bututaa hin te'a; \q2 ollaan adaala isi'ii marti ibiddaan hin gubaman. \q2 Achiin duuba Israa'el worra dur isii ari'ee dhaale, \q2 isiille isaan ariitee hin dhaalti. \q1 \v 3 Ee kolbaa Heshiboonii, \q2 qachaan Aayii waan diigameef, wiiccifadha'a! \q2 Ee worra Raabaa keessa leetanu, \q2 waaqi dharaa keessan Miilkom \q2 hayyootaa fi qondaaltota ifii woliin waan booji'amuuf, \q2 woyaa gaddaa uffadha'aatii bowa'a; \q2 dalleya keessa asii fi achi fiiga'a! \q1 \v 4 Ee worra addatamummaa hin qanne, \q2 isin maaf dhooqa teessan \q2 ta midhaan dansaa baachuun koortan. \q2 Isin durummaa teessanitti addatanee, \q2 ‹Eentu nu loluu dande'a?› jettan. \q1 \v 5 Ani Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, \q2 worri adaala keessan jiru marti \q2 akka isin bararassu hin godha. \q1 Isin martinuu hin ari'antan; \q2 worra baqate san \q2 nami wolitti qabu hin jiru. \p \v 6 «Yennaa diqqo'oon duuba ammoo, \q2 ani boojuu Amoonotaa hin deebisa» jedha. \s1 Ergaa Marroo Edoomii \p \v 7 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade marroo Edoomiitiif, «Qarummaan Temaan keessa hin jirtuu? Gorsi worra qalbeeffannaa qabu jalaa baddee ree? Qarummaan isaaniille isaan irraa baddee ree? \q \v 8 Ani sanyii Esaawuu yennaa adabu \q2 balaa isaan irratti waan fiduuf, \q2 isin worri Dedaan keessa leetanu \q2 duubatti deebi'aatii baqadha'a! \q2 Goda qilee keessatti dhokadha'a! \q \v 9 Worri midhaan woyni'ii guuratu gara keessan yoo dhufe, \q2 harcaa irratti hin lakkisanii motii ree? \q2 Hattuulle halkan yoo dhutte, \q2 haguma barbaadde callaa hattii motii ree? \q1 \v 10 Ani ammoo sanyii Esaawuu ijjumaa qullaa hin hambura; \q2 akka isaan dhokatuu hin dandeenne, \q2 addee isaan itti dhokatanu hin mudhisa. \q1 Sanyiin isaa, obboleeyyan isaatii fi \q2 ollaan isaa hin badan; \q2 isaan deebi'anee hin jiraatanu. \q1 \v 11 Ijoollee teessan ta abbaa hin qanne lakkisi; \q2 ani jiruu isaanii hin eega; \q2 haadhotiin hiyyeessaa teessanille \q2 natti addattuu ti» jedha. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo worri muduunuu adabbi'ii tiyya keessaa unuun isaaniif hin malleeyyuu eega unanu te'ee, isin attam isii keessaa unuu dhaddan ree? Isin adoo hin adabamin hin hattanu; muduunuu adabbi'ii keessaa unuu qaddan. \v 13 Bazraan diigantee, waan hantuu nami dhaggee bararaqu, waan shashaatii fi abaarsaa akka teetu, qachooti isi'iille martinuu haga bara baraa diigamanee akka hafanu, ani maqaa kiyyaan kakadheera» jedha. \p \v 14 Ani ergaa Mootii Waan Maraa biraa, «Ergamaan gara gosa biyya adda addaa ergamee, ‹Kowa'a, wolitti qabama'aatii Edoomitti duuliisaaf qophowa'a! Isii loliisaafille ka'a'a!› jedhu» takka dhage'eera. \v 15 Ammalle Mootiin Waan Maraa, «Ani amma gosa biyya adda addaa oddu'utti akka ati diqqaattu, namoota odduulle'etti akka ati tuffatantu si hin godha. \b \q1 \v 16 «Ee Edoom, ta holla rassa'aa keessa leetu, \q2 ta kooba gubbaa qabatte, \q2 jannuma'aa fi koorri keeti si sobeera. \q1 Mana keeti akka risa'aa qaccee koobaa irratti \q2 ijaarratulle ani achi irraa gad si hin buusa. \q \v 17 «Edoom waan hantuu nami dhaggee bararaqu hin teeti; \q2 sababa badii isi'iitiif nami karaa san dabaru marti \q2 maadeffataa itti murga. \b \q1 \v 18 «Akkuma Sodoomii fi Gomoraan \q2 qachoota ollaa isaanii jiranu woliin badane, \q2 nami tokkolle Edoom keessa hin le'u; \q2 nami tokkolle isii keessa hin jiraatu. \b \q1 \v 19 «Akkuma neenqi gongomaa ciggaa Yordaanosii keessaa, \q2 gara lafa marra bisile'ee dhufu, \q2 anille dedhuma gara worra Edoomii dhufee, \q2 lafa isaanii keessaa isaan hin ari'a; \q2 nama ifii filadhe isii irratti hin mootonsa. \q1 Nami akka kiyyaa eennu ree? \q2 Nami ‹Maaf tana goote?› jedhee \q2 na gaafatu eennu ree? \q2 Tisseen na dura dhaabbatee na dhooggu eennu ree? \q1 \v 20 Tanaaf, waan ani Mootiin Waan Maraa \q2 Edoom irratti fidiisaaf yaadeeru, \q2 yaada ani worra Temaan keessa le'u irratti qopheesseeru dhage'a'a! \q1 Ijoolleen isaanii akka ilmoolee hoole'ee \q2 harkifamanee hin fudhataman; \q2 sababa isaaniitiif kaloon isaanii hin baddi. \q1 \v 21 Edoom yennaa jiddu \q2 iyya bowaatiin latti hin tachooti; \q2 iyyi isaanii haga Abbaayaa Diintu'uutitti hin dhage'anti. \q1 \v 22 Kunoo, akka risaa koola ifii badhisee irii gad xinniquu, \q2 diinni Bozraa irratti gad hin bu'a; \q2 guyyaa san loltooti Edoomii sodaattee \q2 akka dubartii ciniinsifattuu hin teeti» jedha. \s1 Ergaa Marroo Damaasqo'oo \p \v 23 Mootiin Waan Maraa, Marroo Damaasqo'oo dubbatee: \q1 «Kolbaan qachaa Haamaatiitii fi Arphaadii \q2 oduu hantuu tana waan dhageetteef, sodaatte. \q1 Akka abbaayaa raafantuu \q2 raafantee, foora dhadde. \q1 \v 24 Damaasqoon dadhaddeerti; \q2 baqatiisaaf duubatti deebiteerti; \q2 soda'aan qabantee, \q2 akka dubartii ciniinsifattuu teeteerti. \q1 \v 25 Qachaan leellifamaan, \q2 ka ani itti gammadu sun, \q2 attam ona te'a? \q1 \v 26 Guyyaa san dargaggooti isi'ii karaa qacha'aa keessatti hin ijjeefaman; \q2 loltooti isi'ii marti hin badan. \q1 \v 27 Ani dalleya dhaka'aa ka Damaasqo'ootitti ibidda hin qassiisa; \q2 mana mootumma'aa ka Ben-Hadaadii mootichaalle hin guba» jedha. \s1 Ergaa Marroo Qedaariitii Fi Hazoorii \p \v 28 Mootiin Waan Maraa marroo Qedaariitii fi marroo mootummoota Hazoorii ta mootiin Baabilonii Nebukadnezaar injifatee dubbatee, «Ka'a'a; kolbaa Qedaariititti duula'a; kolbaa lafa karaa aduun baatuu balleessa'a! \v 29 Dunkaanota isaanii, horii isaanii, gollaa dunkaanii isaanii, meya dunkaanii isaanii keessa jiru maraa fi gaalota isaanii mara saama'a! Namooti, ‹Wonni isin bararassu karaa maraan isinitti dhufeera› jedhanee hin iyyan. \p \v 30 «Ee isin worri Hazoor keessa leetanu, \q2 mootiin Baabilonii Nebukadnezaar \q2 karoora hamaa isin irratti baafatee, \q2 mala isin irratti waan dhowateef, \q2 dafa'aatii fagaadha'aa baqadha'a! \q2 Goda qile'ee keessatti dhokadha'a!» jedha \q1 \v 31 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Ka'a'aatii gara gosa biyya bidhaa malee nageyaan leetuu, \q2 ta karraa fi danqaraa hin qanne, \q2 ta qofi leetuu dhaqa'aatii lola'a. \b \q1 \v 32 «Gaalotii isaanii hin saamaman; \q2 loon isaanii marti hin dannabaman; \q2 worra rifeensa mataa ifii jala quxatu hin bittinneessa; \q2 gara maraan badii isaanitti hin fida. \q1 \v 33 Hazoor bara baraan ontee addee jeedalti keessa leetu hin teeti; \q2 nami tokkolle achi keessa hin le'u; \q2 nami tokkolle achi keessa hin jiraatu» jedha. \s1 Ergaa Marroo Elaamii \p \v 34 Akkuma Sedeqiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'een, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii raagichaa dhufee, marroo biyya Elaamii dubbatee, \v 35 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Kunoo, ani guubee worra Elaamii, meya lolaa ka isaanii, ka hunna isaaniif te'e san hin caccassa. \v 36 Ani maddii lafaa arfanuu irraa qilleensa Elaam irratti hin fida; gara maddii lafaa arfaniituu isaan hin bittinneessa; biyyi kolbaan Elaamii itti hin booji'anne hin jiraattu. \v 37 Diinota isaanii worra lubbuu isaanii ijjeesiisaaf barbaadu duratti kolbaa Elaamii hin caccassa; ani aarii tiyya jaddu'uun badii isaanitti hin fida; haga isaan dhumatanutti shallaaga'aan isaan hin ari'a. \v 38 Ani barcumaa kiyya ka mootumma'aa Elaam keessa hin keyadha; moototaa fi bulchitoota isaaniille hin balleessa. \v 39 Barri ani boojuu Elaamii deebisu ammoo hin dhufa› jedha» jedhe. \c 50 \s1 Ergaa Marroo Baabilonii \p \v 1 Jechi Mootiin Waan Maraa marroo Baabiloniitii fi marroo kolbaa Baabilonii karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbatte ka asii gad jiru: \q1 \v 2 «Gosa biyya adda addaa oddu'utti lassiitii lallabi! \q2 Beessisa ol kaasiitii oduu tana lallabi! \q2 Waan tokkolle himiisaa adoo hin lakkisin, \q2 ‹Baabilon hin qabanti; \q2 waaqi isi'ii ka dharaa Beel hin qaanowa; \q2 waaqi isi'ii ka dharaa Maardukille hin bararaqa; \q2 fakkiin waaqota isi'ii ka dharaa hin qaanowan; \q2 waaqoti dharaa ka isi'ii hin bararaqan› jedhii himi. \b \q1 \v 3 «Gosi biyya gara kaabaa takka dhuttee, \q2 Baabilon loltee lafa isi'ii hin onsiti. \q1 Nami tokkolle achi keessa hin le'u; \q2 namii fi horiin achi keessaa hin baqatan. \s1 Deebi'iisa Israa'elii \b \q1 \v 4 «Bara san keessa, yennaa san, \q2 kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa \q2 wolitti qabamanee bowaa \q2 ana Mootii Waan Maraa Waaqa ifii \q2 barbaadatiisaaf hin dhufan. \q1 \v 5 Isaan fuula ifii gara Xiyoonii deebifatanee \q2 karaa gara isi'ii geessu gaafataa, \q2 dhufanee gondooroo bara baraa ta hin dedhanne \q1 ana Mootii Waan Maraa woliin hin godhatan. \b \q1 \v 6 «Kolbaan tiyya akka hoolee baddee \q2 ta tissitooti karaa irraa isaan gorsitee, \q2 gaara irra asii fi achi olokamane\f + \fr 50:6 \fr*\fqa Olokamane: \fqa*\ft Yookiin joonjane\ft*\f* te'aneeran. \q1 Gaaraa fi kooba irra asii fi achi raafamanee \q2 addee ifii ta itti foorfatanu dedhaneeran. \q1 \v 7 Worri isaan dhaggu marti isaan laxaphi godhan; \q2 diinoti isaanii, ‹Nuuti womaa isaan hin yakkine. \q1 Isaan Mootii Waan Maraa \q2 ka abbootiin isaanii ta durii addii godhatte duratti \q2 cubbuu waan hujaneef, \q2 tun marti isaan irratti teete› jedhane. \b \q1 \v 8 «Biyya Baabilonii keessaa baqadha'a! \q2 Lafa Baabilonii keessalle'ee baya'aatii, \q2 akka korbeessa re'e'ee ka re'ee sooressuu te'a'a! \q1 \v 9 Ani kunoo loltoota gosa biyya adda addaa guddoo \q2 gara kaabaatii Baabilon irratti hin kaasa. \q1 Isaan isii lolanee hin qabatan; \q2 daayi isaanii akka daaya worra lolaan beekkamee \q2 ka waan itti qabane irraa hin gorsinee ti. \q1 \v 10 Maarre Baabilon hin saamanti; \q2 worri isii saamu marti hin durooma. \b \q1 \v 11 «Ee kolbaa Baabilonii! Kolbaa tiyya waan saantaneef, \q2 gammaddanee ilillittaneertaniiyyu; \q2 akka waatolee diida keessa burraaxuu teetanee, \q2 akka farda wodalee himimmitaneertaniiyyu; \q2 \v 12 amma ammoo qachaan keessan guddaan hin qaanowa; \q2 latti teessan ta akka haadhaa isiniif teete hin salphatti; \q2 gammoojjii, lafa godduu, goomolee \q2 ta gosa biyya adda addaa keessaa gad aante hin teeti. \q1 \v 13 Sababa aarii Mootii Waan Maraatiif ona teetee hin hatti; \q2 nami tokkolle isii keessa hin jiraatu. \q1 Nami karaa Baabilonii dabaru marti hin rifata; \q2 xixanis waan isii irra dhaqqabeef itti hin kolla. \b \q1 \v 14 «Isin worri guube'een loltanu marti, Baabilon loliisaaf marsa'a; \q2 isiin Mootii Waan Maraa duratti cubbuu waan hujjeef, \q2 daaya keessan adoo hin qusatin isi'itti darbadha'a. \q1 \v 15 Karaa maraan isii loliisaaf iyya'a; \q2 isiin harka hin kennatti. \q1 Xelleephoon isi'ii hin jiddi; \q2 dalleenni isi'iille diigameera. \q1 Mootiin Waan Maraa waan haluu isii bayuuf, \q2 akkuma isiin worra dhibii irratti hujje, \q2 akkasuma isii irratti huja'aatii haluu baya'a. \q1 \v 16 Nama sanyii facaasuu fi nama midhaan haamu \q2 Baabilon keessaa balleessa'a. \q1 Sababa worra shallaaga'aan nama cunqursuutiif, \q2 nami marti gara kolbaa ifii deebi'uu ti; \q2 gara lafa ifiille baqatuu ti. \b \q1 \v 17 «Kolbaan Israa'elii \q2 akka hoolee neenqi ari'ee bittinneessu teeteerti. \q1 Dursee mootiin Asoorii isaan kukkute; \q2 achiin duuba mootiin Baabilonii Nebukadnezaar \q2 lafee isaanii caccasse. \q1 \v 18 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, \q2 Waaqi Israa'elii, ‹Kunoo ani akkuma mootii Asoorii adabe, \q2 mootii Baabiloniitii fi lafa isaalle hin adaba. \q1 \v 19 Israa'eloota ammoo \q2 lafa isaanii duriititti hin deebisa; \q2 Qarmelosii fi Baashaan irraa midhaan hin nyaatan; \q2 kooba Efreemiitii fi Giil'aadii irraa \q2 midhaan galfatanee hin quufan› jedha. \q1 \v 20 Bara san guyyaa sanitti, \q2 worra baraaree akka hafanu godhe saniif \q2 ani waan araaramuuf, \q2 Israa'el irra yakkaa hin barbaadan; \q2 ammoo womaa irratti hin dhagganu; \q1 Yihudaa irra cubbuu hin barbaadan; \q2 ammoo womaa irratti hin dhagganu» ka jedhu. \s1 Muraa Waaqaa Ta Baabilon Irratti Murante \p \v 21 Mootiin Waan Maraa, «Lafa worra Meraataayimiitiitii fi \q2 worra Pheqod keessa le'u lola'a; \q2 isaan ari'a'aatii, ijjeesa'aa, ijjumaa balleessa'a; \q2 waan ani isin ajaju maraa godha'a. \q1 \v 22 Lafa irratti qeexalli lolaa, \q2 badiin guddoolle dhage'anteerti. \q1 \v 23 Baabilon ta duri akka burrisaa nama butuchaa turte, \q2 attam attam caccaddee bututte! \q2 Gosa biyya adda addaa oddu'utti attam attam onte! \q1 \v 24 Ee Baabilon, \q2 ani tiyyoo si dura keyeera. \q2 Atille adoo hin beekin qabatanteerta; \q2 ati ana Mootii Waan Maraa irratti waan kaateef, \q2 dhaggantee qabatanteerta. \q1 \v 25 Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, \q2 worra Baabilonotaa irratti waan huju waan qabuuf, \q2 mana meya woraanaa banee, \q2 meya woraanaa ta mufii tiyyaa gad baaseera. \q1 \v 26 Biyya fagoo irraa kowa'aatii isi'itti duula'a. \q2 Gootaraa isi'ii diiga'a; \q2 akka midhaanii isii tuula'a. \q1 Baraareen adoo hin hafin, \q2 ijjumaa isii balleessa'a. \q1 \v 27 Akka dardaroota qalanu, \q2 loltoota isi'ii mara qala'a. \q1 Guyyaan isaan adabamanu waan dhikaateef, \q2 isaaniif aanne'e!» jedha. \q1 \v 28 Mootii Waan Maraa Waaqi keenna attam attam akka haluu baye, \q2 marroo Galma ifiitiif attam attam akka haluu inni baye, \q2 worri ari'amee lafa Baabilonii keessaa baqatee baye, \q2 Xiyoon keessatti waan isinitti himanu dhage'a'a. \q1 \v 29 Mootiin Waan Maraa, «Worra guube'een lolu mara \q2 akka Baabilon lolanu waama'a! \q1 Nami tokkolle miliqee akka hin baane \q2 adaala isi'ii marsa'a. \q1 Isiin ana Mootii Waan Maraa, \q2 Woyyicha Israa'elii irratti waan koorteef, \q2 akkuma hujii isi'iititti gatii isi'iif kenna'a; \q2 akkuma isiin worra dhibii irratti hujje \q2 isii irralle'etti huja'a. \q1 \v 30 Tanaaf dargaggooti isi'ii karaa irratti hin ijjeefaman; \q2 guyyaa san loltooti isi'ii marti hin dhumatan» jedha. \q1 \v 31 Goottaan, Mootiin Waan Maraa \q2 Ka Waan Mara Dande'u, «Ee Baabilonii koortu, \q2 ani si irratti hin ka'a! \q2 Guyyaan ati adabantu dhikaateera. \q1 \v 32 Ati koorameettiin gufattee hin jidda; \q2 nami ol kaasulle hin jiru; \q2 ani qachaa keeti keessatti ibidda qassiisee, \q2 ibiddi sun waan adaala isaa jiru mara hin guba» jedha. \q1 \v 33 Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, \q2 «Kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa cunqurfanteerti. \q1 Worri isaan booji'e jabeessee isaan qabee, \q2 gad isaan lakkisuu dideera. \q1 \v 34 Ka isaan wodu ammoo jaba'a; \q2 maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u. \q1 Inni lafa isaaniitiif foora kenniisaaf, \q2 jabeessee isaaniif hin falmata. \q1 Worri Baabilon keessa le'u ammoo \q2 foora hin dhaggatu» jedha. \q1 \v 35 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Worra Baabiloniitii fi worra isii keessa le'u irratti, \q2 bulchitootaa fi qaroolee isi'ii mara irratti lolli ka'uu ti. \q1 \v 36 Raagota isaanii ta dharaa irratti lolli ka'uu ti; \q2 isaanille gowwoolee hin te'an. \q1 Loltoota isaanii irratti lolli ka'uu ti; \q2 isaanille hin bararaqan. \q1 \v 37 Fardaa fi garreettaa fardaan harkifamu ka isaanii irratti, \q2 loltoota biyya ormaa \q2 ta odduu isaanii jiru mara irratti lolli ka'uu ti; \q2 isaanille akka dubarti'ii hin te'an. \q1 Qabeenna isaanii mara irratti lolli ka'uu ti; \q2 isaanille hin saamaman. \q1 \v 38 Latti Baabilonii waaqota dharaatiin waan guutanteef, \q2 kolbaan waaqota nama bararassu waan leellifattuuf, \q1 Bisaan isi'ii irratti oolaan hin dhufa; \q2 bisaan isi'iille hin goga. \b \q1 \v 39 «Tanaaf bineensoti goomole'eetii fi \q2 woraabessi achi hin le'an; \q2 guchiille achi keessa hin bulti. \q1 Haganaa achi nami tokkolle isii keessa hin le'u; \q2 dhalootaa haga dhalootaatitti \q2 nami tokkolle achii keessa hin le'u. \q1 \v 40 Sodoomii fi Gomoraa \q2 qachoota adaala isaanii jiranu mara woliin \q2 ani Mootiin Waan Maraa akkuma diigee balleesse, \q2 isiille diigee hin balleessa. \q1 Nami tokkolle achi keessa hin le'u; \q2 nami tokkolle achi keessa hin jiraatu. \b \q1 \v 41 «Kunoo, loltooti gara kaabaatii dhufiisatti jiran; \q2 kolbaan biyya takkaa hunnaametti'ii fi moototi hedduun, \q2 qaccee lafaa irraa ka'anee dhufiisatti jiran. \q1 \v 42 Isaan guube'ee fi woraana qabataneeran; \q2 isaan worra gadhi jabeeyyi'i; \q2 marartiille hin qabanu. \q1 Ee Baabilon, isaan si loliisaaf \q2 fardo'oon gulufaa yennaa dhufanu, \q2 hididdeettiin akka abbaayaa bulphittuu ti. \q1 \v 43 Mootiin Baabilonii oduu isaanii dhage'ee, \q2 harki irraa bu'e; \q2 naasu'uun qabamee akka dubartii ciniinsifattuu te'e. \b \q1 \v 44 «Akkuma neenqi gongomaa ciggaa Yordaanosii keessaa, \q2 gara lafa marra bisile'ee dhufu, \q2 anille dedhuma gara worra Baabilonii dhufee, \q2 lafa isaanii keessaa isaan hin ari'a; \q2 nama ifii filadhe isii irratti hin mootonsa. \q1 Nami akka kiyyaa eennu ree? \q2 Nami ‹Maaf tana goote?› jedhee \q2 na gaafatu eennu ree? \q2 Tisseen na dura dhaabbatee na dhooggu eennu ree? \q1 \v 45 Tanaaf, waan ani Mootiin Waan Maraa \q2 Baabilon irratti fidiisaaf yaadeeru, \q2 yaada ani lafa worra Baabilonii loliisaaf qopheeffadheeru dhage'a'a! \q1 Ijoolleen isaanii akka ilmoolee hoole'ee \q2 harkifamanee hin fudhataman; \q2 sababa isaaniitiif kaloon isaanii hin baddi. \q1 \v 46 Iyya qabamiisa Baabiloniitiin, \q2 latti hin tachooti; \q2 iyyi isi'iille gosa biyya adda addaa oddu'utti \q2 hin dhage'ama» jedha. \c 51 \s1 Ammalle Muraan Baabilon Irratti Murante \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani Baabilonitti, \q2 kolbaa isi'ii worra na mormu irratti \q2 qilleensa isaan balleessu hin kaasa. \q1 \v 2 Baabilon bittinneessee \q2 lafa isi'ii duwwaa godhiisaaf, \q2 ani orma isi'itti hin erga. \q1 Guyyaa badii isi'ii karaa maraan marsanee \q2 isii hin lolan. \q1 \v 3 Isiin meya ifii ka lolaa yoo hidhatte, \q2 guubee ifiille yoo qopheeffatte, \q2 isinille daaya keessan isi'itti darbadha'a. \q2 Dargaggoota isi'iitiif hin nayina'a; \q2 loltoota isi'ii mara fixa'a. \q1 \v 4 Isaan lafa Baabilonii keessatti madowanee \q2 karaa keessatti hin du'an. \q1 \v 5 Latti isaanii ana Woyyicha Israa'elii duratti \q2 yakka'aan ta guutante teetulle, \q2 ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi isaanii, \q2 Israa'elii fi Yihudaa hin lakkinne. \q1 \v 6 Baabilon keessaa baqadha'aatii, \q2 lubbuu teessan hamburadha'a! \q2 Sababa yakkaa isi'iitiif hin badina'a. \q1 Yennaan ani Mootiin Waan Maraa \q2 sababa yakkaa isi'iitiif haluu bayu waan geetteef, \q2 ani akka hujii isi'iititti gatii isi'iif hin kenna. \q1 \v 7 Baabilon harka Mootii Waan Maraa keessatti \q2 akka muduunuu worqii irraa hujantee ti; \q2 isiin lafa duudii macheessiteerti; \q2 gosi biyya adda addaa \q2 daadhii isi'ii ta woyni'ii unanee, \q2 maraataneeran. \v 8 Baabilon dedhuma jiddee hin caccaddi; \q2 isi'iif wiiccifadha'aa bowa'a! \q2 Dedha hin fayyiti fa'a te'a, \q2 madaa isi'iitiif qorsa dibattu barbaada'a!» jedha. \q1 \v 9 Worri ormaa ka achi keessa le'u, \q2 «Nuuti Baabilon fayyisiisaaf wodhaanneerraayyu; \q2 isiin ammoo fayyuu hin dandeenne; \q2 muraan isii irratti murante \q2 akka duumensaa ol kaatee, \q2 gubbaa waan dhaqqaddeef, \q2 isii lakkinnee, \q2 tokko tokkoon keenna gara biyya teennaa deenna» hin jedhan. \q1 \v 10 Yennaa san kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa, \q2 «Mootiin Waan Maraa dhugaa waan nu'uuf baaseef, \q2 kowa'a, waan Waaqi keenna Mootiin Waan Maraa huje \q2 Xiyoon keessatti lallannaa ti» hin jedhan. \q1 \v 11 Daaya qaradha'aatii, \q2 Wontee fudhadha'a! \q1 Yaadi Mootii Waan Maraa \q2 Baabilon balleessiisa waan te'eef, \q2 mootota Medoonii itti kakkaaseera. \q1 Mootiin Waan Maraa haluu hin baya; \q2 Galma ifiitiif haluu hin baya. \q1 \v 12 Dalleya Baabilonii diigiisaaf, \q2 beessisa keessan ol kaasa'a! \q1 Worra eegu itti jabeessa'a; \q2 eeddota itti ramada'a! \q1 Worra gaadu qopheessa'a! \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 waan kolbaa Baabilonii irratti karoorfate, \q2 hin muummessa. \q1 \v 13 Ati ta bisaan hedduu bira leetu, \q2 ta qabeennaan duroonteertu, \q2 muummeen teeti dhikaatteerti, \q2 haganaa achi bu'aa haqa hin te'in hin dhaggattu. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, \q2 ifiin kakatee, \q2 «Ani dhugumaan namoota akka tuuta\f + \fr 51:14 \fr*\fqa Tuuta: \fqa*\ft Heechaalle hin jedhama.\ft*\f* awwaannisaa \q2 si keessatti hin guuta; \q2 isaanille si injifatanee hin qeexalan» jedha. \b \s1 Faaruu Galataa Ta Waaqaaf Dhikaattu \q1 \v 15 Inni hunnaa ifiitiin lafa dade; \q2 qarummaa ifiitiin biyya lafaa hundeesse; \q2 hubantii ifiitiin ol-gubbaa diriirse. \q1 \v 16 Yennaa inni qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu dhageessisu, \q2 bokkeenni ol-gubbaa keessaa hin shookkisa; \q2 inni duumensi qaccee lafaa irraa akka ol ka'u hin godha. \q1 Bokkeya keessa mandiisuu hin buusa; \q2 qilleensalle mana kuusa'aa ka ifii keessaa hin baasa. \b \q1 \v 17 Nami martinuu daalle'ee fi worra beekkumsa hin qanne; \q2 nami worqii baqisiisu marti \q2 waaqota dharaa ka ifii huje saniin fokkifateera. \q1 Fakkiin inni huje ta dharaa ti; \q2 hafuurri keessa hin jiru. \q1 \v 18 Isaan waan bu'aa hin qanne, \q2 meya murgo'oo ti; \q2 yennaa muraan itti dhuttu hin badan. \q1 \v 19 Waaqi Yaaqoobii ammoo akka waaqota dharaa kanaatii moti; \q2 waan mara ka dade isa; \q2 inni kolbaa Israa'elii gosa addaa akka isaaf teetu filate. \q2 Maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade. \b \s1 Burrisa Mootii Waan Maraa \q1 \v 20 Mootiin Waan Maraa «Ee Baabilon, \q2 ati burrisa kiyyaa fi meya woraanaa kiyya. \q1 Ani si'iin gosa biyya adda addaa butucha; \q2 si'iin mootummoota balleessa; \q2 \v 21 si'iin fardaa fi abbootii fardaa butucha; \q2 si'iin garreettaa fardaan harkifamuu fi worra isa oofu butucha; \q2 \v 22 si'iin dhiiraa fi dubartii butucha; \q2 si'iin jaarsaa fi ijoollee butucha; \q2 si'iin dargaggeessaa fi dargaggeettii butucha; \q2 \v 23 si'iin tissitootaa fi hoolee butucha; \q2 si'iin qonnaan bula'aa fi qotiyyoo butucha; \q2 si'iin bulchitootaa fi qondaaltota butucha» jedha. \s1 Adabamiisa Baabilonii \p \v 24 Mootiin Waan Maraa, «Waan hantuu worri Baabiloniitii fi worri isii keessa le'u, \q2 Xiyoon irratti hujaneef, \q2 ani iluma teessan duratti gatii isaaniif hin kenna. \b \q1 \v 25 «Ee Baabilon, ee gaara lafa mara balleessitu, \q2 kunoo ani si irratti ka'eera; \q2 ani si loliisaaf harka kiyya si irratti diriirfadhee, \q2 bowwaa rassa'aa irraa gad si hin konkolaachisa; \q2 akka gaara gubatee si hin godha. \q1 \v 26 Ati haga bara baraa duwwaa waan teetuuf, \q2 dhakaan roga ijaarsaa, \q2 dhakaan hunde'eelle si keessatti hin dhaggamu. \b \q1 \v 27 «Beessisa lolaa lafa mara keessatti ol kaasa'a! \q2 Gosa biyya adda addaa oddu'utti tultullaa afuufa'a! \q2 Isii loliisaaf kolbaa qopheessa'a! \q1 Mootummaa Araaraatii \q2 mootummaa Miiniitii fi \q2 mootummaa Ashkenaasii, \q2 Baabilon loliisaaf waama'a. \q1 Ajajaa loltootaa itti fila'a; \q2 fardoo akka tuuta awwaannisaa itti erga'a. \q1 \v 28 Mootota Miidiya'aa, \q2 bulchitootaa fi qondaaltota isi'ii mara, \q2 biyya isaan bulchanu mara \q2 gosa biyya adda addaa tana mara \q2 isii loliisaaf qopheessa'a. \q1 \v 29 Akka nami tokkolle achi hin leene, \q2 lafa Baabilonii duwwaa godhiisaaf, \q2 karoorri ani Mootiin Waan Maraa \q2 isii loliisaaf qopheesse waan muummowuuf, \q2 latti raafantee hin rommiti. \q1 \v 30 Loltooti Baabilonii loliisa lakkisaneeran; \q2 Kushee jadduu ifii keessa tee'aneeran. \q1 Isaan hunna dhabanee, \q2 akka dubarti'ii te'aneeran; \q2 mana isaaniititti ibiddi qassiifameera; \q2 danqaraan karra isaaniille caccabeera. \q1 \v 31 Qachaan karaa maraan akka qabame, \q2 mootii Baabiloniititti himiisaaf, \q2 nama rukkisu gula ka dhibiin, \q2 nama ergame gula nami ergame ka dhibiin rukkisaa, \q1 \v 32 ‹Malkaan marti qabanteerti; \q2 addeen itti dhokatanu \q2 qocceen qarqara bisaanii gubatteerti; \q2 loltootille bararaxxeerti› jedhan» jedhe. \p \v 33 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii: \q1 «Baabilon akka eeddummee \q2 midhaan itti dhowatanuu hin teeti; \q2 guyyaan Baabilon akka midhaanii dhowantu \q2 ariifatee hin dhufa. \q1 \v 34 Worri Xiyoon keessa le'u, \q2 ‹Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar \q2 akka jawwe'ee nu liqinsee, \q2 caccassee nu nyaatee, \q2 akka okkotee duwwaa jirtuu nu godhe. \q2 Cooma kennaan gadhaa ifii guutatee \q2 deebisee nu tufe. \q1 \v 35 Kolbaan qachaa Xiyoonii marti: Wonni nu irratti te'e, \q2 Baabilon irralle'etti te'uu ti› hin jedhan; \q2 kolbaan Yerusaalemiille, ‹Dhiigi keenna akka dhangala'e, \q2 dhiigi Baabiloniille dhangala'uu ti› hin jedhan. \p \v 36 «Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa kolbaa Yerusaalemiitiin: \q1 «Kunoo ani marroo teessaniif falmadhee \q2 worra Baabilonii irratti haluu hin baya; \q2 ani laga isaaniitii fi bisaan isaanii hin gossa. \q1 \v 37 Baabilon tuulaa bututaa, \q2 addee jeedalti itti galtu, \q2 waan hantuu nami dhaggee bararaqu, \q2 waan nami ittiin murguu, \q2 addee nami keessa hin leene hin teeti. \q1 \v 38 Kolbaan Baabilon marti \q2 akka neenqaa hin harqan; \q2 akka ilmee neenqaalle hin gurura'an. \q1 \v 39 Yennaa isaan waan nyaatanu dhabanee gubatane, \q2 akka isaan unanee machowanu \q2 areertii isaaniif hin qopheessa; \q2 achiin duuba isaan gammadaan hirriiba hamaa \q2 ka deebi'anee hin dammandhe hin rafan. \q1 \v 40 Ani akka buruusota hoole'ee, \q2 akka korbeeyyii hoole'eetii fi akka korbeeyyii re'e'ee \q2 akka isaan qalamanu hin godha. \q1 \v 41 Qachaan Baabilonii\f + \fr 51:41 \fr*\fqa Sheshaak: \fqa*\ft Maqaa Baabilonii ka dhibi'i.\ft*\f* attam booji'ame! \q1 Ka biyyi lafaa ittiin koortu attam qabame! \q2 Baabilon gosa biyya adda addaa oddu'utti \q2 attam waan hantuu nami dhaggee bararaqu teete! \q1 \v 42 Abbaayaan Baabilon irra hin yaa'a; \q2 danbaliin shookittu isii irra hin dhangalaati. \q1 \v 43 Qachooti Baabilonii \q2 ka nami keessa hin leenee fi \q2 ka nami keessa hin deddeebine \q2 lafa godduu goomolee, ona hin te'an. \q1 \v 44 Baabilon keessatti waaqa dharaa \q2 ka ‹Beel› jedhamu hin adaba; \q2 waan inni liqinselle akka diddigu hin godha. \q1 Haganaa achi gosi biyya adda addaa \q2 gara isaa hin yaa'anu; \q2 Dalleenni Baabiloniille hin jiga. \q1 \v 45 Ee kolbaa tiyya isii keessaa baya'a! \q2 Lubbuu teessan hamburadha'a! \q2 Aarii tiyya jadduu jalaa baya'a! \q1 \v 46 Oduun lafa irratti yennaa dhage'antuu \q2 addii hin kutatina'a yookiin hin sodaatina'a! \q1 Bulchaan bulchaa irratti hin ka'a; \q2 hammeennille lafa irratti hin te'a; \q2 oduun tuun barana \q2 ta dhibiille bara dhufu hin dhutti. \q1 \v 47 Dhugumaan barri ani waaqa dharaa ka Baabilonii adabu hin dhufa; \q2 latti isi'ii duudiin hin salphatti; \q2 worri ijjeefamane marti achi keessatti hin jigan. \q1 \v 48 Diinoti gara kaabaatii dhufanee \q2 Baabilon waan lolanuuf, \q2 ol-gubba'aa fi latti, \q2 wonni isaan keessa jiru martinuu \q2 gammadaan Baabilon irratti hin ilillisan. \q1 \v 49 Baabilon namoota biyya lafaa duudii akkuma fixxe, \q2 kolbaa Israa'eliille waan fixxeef \q2 isiille hin baddi. \q1 \v 50 Ee isin worri shallaagaa jalaa baatane, \q2 adoo hin turin achii keessaa baya'a; \q2 worri lafa fagoo jirtanu \q2 ana Mootii Waan Maraa qaabadha'a; \q2 Yerusaalemille yaadadha'a. \b \q1 \v 51 «Isin ammoo, ‹Worri ormaa addee woyyittii \q2 mana Mootii Waan Maraa waan seenaneef \q2 nuuti waan arraffanneef, \q2 fokkifannee, salphanneerra› jettan. \b \q1 \v 52 «Ammoo barri ani waaqota dharaa \q2 ka Baabilonii adabu hin dhufa; \q2 lafa isi'ii mara irratti \q2 worri madowe hin aada. \q1 \v 53 Baabilon haga gubba'aa yoo dhaqqadelle, \q2 kushee ifii jadduu dheeressitee yoo ijaarrattelle, \q2 ani worra lolee isii balleessu isi'itti hin erga. \b \q1 \v 54 «Baabilon keessaa qoonqoon iyyaa, \q2 lafa Baabilonii keessaa \q2 qoonqoon badii guddo'oo hin dhage'anti. \q1 \v 55 Ani Mootiin Waan Maraa \q2 Baabilon hin balleessa; \q2 qoonqoo guddoo isii keessaa cadhi hin godha; \q2 qoonqoon diinota isi'ii \q2 ta akka danbalii bisaan guddaa shookkisuu \q2 isii keessatti hin dhage'anti. \q1 \v 56 Ani Mootiin Waan Maraa \q2 Waaqa haluu bayu waan te'eef \q2 Baabiloniif akka hujii isi'iititti isi'iif hin kaffala; \q2 worri balleessu isii loliisaaf hin dhufa; \q2 loltooti isi'ii hin qabaman; \q2 guubeen isi'iille hin caccaba. \q1 \v 57 Ani Mootichi ka maqaan kiyya, \q2 ‹Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade› jedhamu \q2 qondaaltota isi'ii, qaroolee isi'ii, \q2 sooressitoota isi'ii, ajajjoota loltootaatii fi \q2 loltoota isi'ii hin macheessa. \q2 Isaan haga bara baraa rafanee hin dammaqanu. \q1 \v 58 Dalleenni Baabilonii yabbichi hin diigama; \q2 karri isi'ii dhedheertuun ibiddaan hin gubatti; \q2 kolbaan isi'ii toluma elootti \q2 eloon kolbaa isi'iille ibiddaan hin gubatti» jedha. \p \v 59 Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, itti gaafatamaan waan mooticha qofaaf barbaachisuu, akaakoon Ma'aseya'aa ilmi Neriiya'aa Seeriyaan isa woliin gara Baabilonii yennaa dhaqe, Ermiyaasiin raagichi erga asii gad jirtu tana isatti hime: \v 60 Ermiyaas badii Baabilon irratti dhufiisatti jirtu mara, waan marroo Baabiloniitiif barreeffame mara kitaaba maramaa irratti barreesse. \v 61 Inni Seraaya'aan, «Yennaa Baabilon geette, waan kitaaba kana irratti barreeffame mara qoonqoo ol qabadhuutii kolba'aaf dubbisi; \v 62 yennaa dubbittu, ‹Ee Mootii Waan Maraa! Ati addee tana, nami yookiin horiin haga keessa hin leenetti haga bara baraa ona hin godha jetteerta› jedhi. \v 63 Yennaa kitaaba maramaa kana dubbittee fixxe, dhakaa itti hidhiitii laga Efraaxiisii keessa buusi! \v 64 Achiin duuba, ‹Ani Mootiin Waan Maraa badii isii irratti waan fiduuf, Baabilon deebitee akka hin kaane hin liqinfanti; kolbaan isi'iille hin jiddi› jedhi» jedhe. \p Dubbiin Ermiyaasii as irratti dhumatte. \c 52 \s1 Jinnana Yerusaalemii \p \v 1 Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokko ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal; isiin intala Ermiyaasii nama qachaa Liibana'aa ti. \v 2 Zedeqiiyaan akkuma Yehoyaaqiimii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 3 Mootiin Waan Maraa waan isaanitti aareef, kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa irratti tun marti teete; muummee irratti inni fuula ifii duraa isaan balleesse. \p Zedeqiiyaan mootii Baabilonii finqile. \v 4 Bara Zedeqiiyaan bulche keessa woggaa sagaleesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, loltoota ifii mara fudhatee Yerusaalemitti duule. Inni qacha'aan alatti dunkaanii dhaabatee, adaala qacha'aa marsanee yaabbannoo itti ijaarane. \v 5 Zedeqiiyaan mootii te'ee, haga woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, qachaan sun akkuma marfametti ture. \v 6 Wogguma san keessa ji'a arfeesso'oo, guyyaa sagaleesso'ootitti, beelti qachaa sanitti waan hammaatteef kolbaan sagalee nyaattu dhadde. \v 7 Achiin duuba dalleenni qacha'aa cabe; loltooti Baabilonii qachaa marsanulle, loltooti mootii biyya Yihuda'aa halkaniin karra dalleya dhaka'aa lama odduu jirtu, ta oorruu mootichaa biraatiin miliqanee bayane. Isaan gara dhooqa Yordaanosii baqatane. \v 8 Loltooti Baabilonii ammoo, Zedeqiiyaa mooticha ariitee, diida Yeriko'oo keessatti isa dhaqqadde; loltooti isaa marti isa lakkittee baqatte. \v 9 Loltooti Baabilonii Zedeqiiyaa qaddee, lafa Haamatii keessatti gara Nebukadnezaarii qachaa Riiblaa keessa jiruutitti geessite; inni achitti isatti mure. \v 10 Mootiin Baabilonii ilmaan Zedeqiiya'aa iluma isaa duratti ijjeese; qondaaltota Yihuda'aa maralle Riibla'atti ijjeese. \v 11 Achiin duuba inni gara Baabilonii geessiisaaf, ila Zedeqiiyaa keessaa baasee wodaroo sageettu'uutii isa hidhee haga inni du'utti achuma mana hidha'aa keessa isa turse. \s1 Diigamiisa Galma Waaqaa \p \v 12 Nebukadnezaar mootii Baabilonii te'ee woggaa kudhanii sagaleesso'ootitti, ji'a shaneesso'oo, guyyaa kudhaneesso'ootitti, ajajaan loltoota mooticha eeganuu tajaajilaan mootii Baabilonii Nebuzaraadaan, gara qachaa Yerusaalemii dhufe. \v 13 Inni Galma Mootii Waan Maraa, mana mootumma'aa, mana Yerusaalem keessaa mara gube; mana namoota gugurda'aa mara gubee balleesse. \v 14 Loltooti Baabilonii ta ajajaa loltoota mooticha eeganuun sooreffamanu, dalleya dhaka'aa ka qachaa Yerusaalemiititti marfameeru diigane. \v 15 Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan worra hiyyeeyyii garii, namoota qachaa keessatti hafaneeranu, worra mootii Baabiloniititti harka kennatanee fi worra hujii harkaa beekanu booji'ee, gara Baabilonii geesse. \v 16 Inni worra hiyyeeyyii ijjumaa wo hin qanne garii ammoo, muka woyni'ii akka dhaabanuu fi fichaa akka qotanu lafa Yihuda'aa keessatti lakkisee deeme. \p \v 17 Worri Baabilonii utuboota sageettuu irraa hujamane, waan meya irra keyanu ka korboo qabanuu fi waabaa bisaanii ka sageettuu irraa hujamane, ka Galma Mootii Waan Maraa keessa jiranu caccassanee, sageettuu san gara Biyya Baabilonii geessane. \v 18 Akkasuma isaan okkotee sageettu'uu, akkaafaa sageettu'uu, waan issaa ittiin dhaanfanu ka sageettu'uu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, mooqa'aa fi meya sageettuu irraa hujame ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti ittiin tajaajilanu mara, fudhatanee deemane. \v 19 Ajajaan loltoota mooticha eedduu, meya worqi'ii fi meetii irraa hujame mara qorii ittiin dhiqatanu, girgiraa, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, okkotee, waan issaa irra keyanu, mooqa'aa fi meya daadhii woyni'ii itti dhikeessanu mara fudhatee deeme. \v 20 Madaalliin utuboota lamaa ka sageettu'uu, waabaa bisaanii ka sageettu'uutii fi fakkii korommii sageettuu irraa hujamane kudhanii lamaa ka waabaa bisaanii jala jiranu, wonni meya irra keyanu ka sageettu'uu ka korboo qabanuu, ka mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif hujee hagana hin jedhamu. \v 21 Utubooti lamaan hojjaan tokko tokkoo isaanii ciqilee kudhanii saddeeti; furdinni tokko tokkootuu ciqilee kudhanii lama; keessi isaaniille holla qabaatee, rogi afaanii taakkuu afuri furdata. \v 22 Guutuun qaccee utubaa tokko irraa ciqilee shan dheeratti; marsa guutuu utuba'aa irratti seesa caccoo sageettu'uutii fi sageettuu midhaan muka rumaanii fakkaatuun seefameera. Utubaan lammeesso'oolle akkasuma seefamee hujameera. \v 23 Gara tokkoon midhaan akka midhaan muka rumaanii sagaltamii jaatti isaan irratti hujameera; seesi midhaan muka rumaanii fakkaatu ka caccoo irratti marfameeru laakkossi isaanii wolumatti dhibba. \v 24 Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eedduu, Seraayaa hayyicha sooressa, hayyicha itti aanaa Sefaaniya'aatii fi eeddota karraa sadiin booji'ee fuudhee deeme. \v 25 Qachaa keessatti worra hafane keessalle'ee ajajaa loltootaa, gorsitoota mootichaa torba, barreessaa ajajaa loltootaa ka kolbaa lafa sanii duulaaf filuu fi namoota dhibii ka qachaa san keessatti dhaggamanu jaatama fuudhee deeme. \v 26 Ajajaan loltootaa Nebuzaraadaan, isaan mara gara mootii Baabilonii ka qachaa Riiblaa keessa jiruu geesse. \v 27 Mootiin Baabilonii lafa Haamaatii Riiblaa keessatti isaan ijjeesise. \p Maarre kolbaan Yihuda'aa lafa ifii irraa booji'amanee deemane. \v 28 Laakkossi namoota mootiin Baabilonii Nebukadnezaar booji'e ka asii gadi jiru: Inni mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti Yihudoota kuma sadii fi diddamii sad booji'e; \v 29 woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti namoota dhibba saddeetii fi soddomii lama Yerusaalem keessaa booji'e; \v 30 woggaa diddamii sadeesso'ootitti, ajajaan eeddota mootichaa Nebuzaraadaan namoota dhibba torbaa fi afurtamii shan booji'e; laakkossi worra booji'amee wolumatti namoota kuma afurii fi dhibba jaa. \s1 Yehoyaakiin Hiikame \p \v 31 Mootiin Yihuda'aa Yehoyaakiin booji'amee woggaa soddomii torbeesso'ootitti Ewiil-Marodaak Baabilon irratti motii te'e; inni baruma kana keessa ji'a kudhanii lammeesso'oo guyyaa diddamii shaneesso'ootitti, mootii Yihuda'aa Yehoyaakiin mana hidha'aatii hiike. \v 32 Ewiil-Marodaak gadhi-laafinnaan Yehoyaakiin dubbisee, mootota dhibii ta isa woliin Baabilonii keessa jirtu caalaa barcumaa ulfinnaa isaaf kenne. \v 33 Maarre yennaa sanii jalqabee Yehoyaakiin woyaa ifii ta mana hidha'aa jijjiiratee, haga jiruu ifii qorii mootichaa keessaa nyaate. \v 34 Mootiin Baabilonii haga Yehoyaakiin du'utti, guyyuma guyya'aan waan isaaf barbaachisu qooda isaaf baase.