\id JDG - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Abbootii Mura'aa \toc1 Kitaaba Abbootii Mura'aa \toc2 Kitaaba Abbootii Mura'aa \toc3 Abo. \mt1 Kitaaba Abbootii Mura'aa \imt Seensa \ip Kitaab abbootii mura'aa, kolbaan Israa'elii biyya kana'aanii haga seenteen jalqabee, mootummaan mooti'iin jalatti bultu haga ijaarrantetti dabarsii jirtu ka himu; barri sun bara kolbaan Israa'elii, waaqota dharaa waaqonfatiisaan Waaqaaf ajajamuu didatte. Dabarsiin tun marroo hujii worra jannoota, «Abbootii mura'aa» jedhamuu dubbatti. Abbootii mura'aa tana keessaa hedduun, sooressitoota woraanaatiiyyu; isaan keessaa jannumma'aan guddoo ka beekkame, hujiin isaalle foora kudhanii sadii haga kudhanii jaatitti tarre'een ka dhaggantu, nama «Samsoon» jedhamu tokkotti jiraayyu. \ip Barsiisi guddaan kitaaba kana keessaa, jiruun kolbaa Israa'elii ta mirkanoottu addatamummaa isaan Waaqa irratti qabanuun yoo teetu, yennaa isaaf addatamummaa dhabanu, yennaa mara badiin isaan irra dhaqqaddu mudhisa. Wonni dhibiin tana caaltulle ammoo hin jirti; tunille yennaa kolbaan Waaqaaf addatama dhaddu, badiin irra dhaqqaddulle, yennaa kolbaan cubbuu ifii irraa deebitee gara Waaqaa deebitu, inni yennaa mara kolbaa ifii fayyisiisaaf ka qophowe. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Haga du'a Iyaasu'uutitti Waan Te'e\ior 1:1—2:10\ior* \io1 Abbootii Mura'aa Ta Israa'elii\ior 2:11—16:31\ior* \io1 Hujii Adda Addaa\ior 17:1—21:25\ior* \c 1 \s1 Sanyiin Yihuda'aatii Fi Shimi'oonii Mooticha Adonii-bezeq booji'ane \p \v 1 Iyaasuun du'een duuba kolbaan Israa'elii, «Kana'aanota loliisaaf sanyii teenna keessaa eentu dursee duuluu qaba?» jettee Mootii Waan Maraa gaafatte. \v 2 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Sanyiin Yihuda'aa dursitee duultuu ti. Ani lafa san dabarsee isaaniif hin kenna» jedhe. \p \v 3 Kolbaan Yihuda'aa kolbaa Shimi'oonii obboleeyyan ifiitiin, «Kana'aanota loliisaaf gara lafa nu'uuf kennantee, woliin deennuu ti. Achiin duuba nuutille gara lafa isiniif kennantee, isin woliin deenna» jedhane. Maarre sanyiin Shimi'ooniille isaan woliin deemane. \v 4 Kolbaan Yihuda'aa yennaa lolaaf baate, Mootiin Waan Maraa Kana'aanotaa fi Pheriizota harka isaaniititti dabarsee kenne; isaaniille qachaa Bezeqiititti namoota kuma kudhan ijjeesane. \v 5 Isaan achitti mootii Adonii-bezeq dhagganee isa lolanee, Kana'aanotaa fi Pheriizota worra hafane injifatane. \v 6 Adonii-bezeq isaan duraan baqate; isaan ammoo ari'anee isa qabanee, quba abguddicha\f + \fr 1:6 \fr*\fqa Quba abguddicha: \fqa*\ft Worri tokko tokko \ft*\fqa quba arguddicha \fqa*\ft jedha.\ft*\f* miilaatii fi ka harka isaa murane. \v 7 Adonii-bezeqille, «Moototi torbaatam worri quba abguddoo miilaatii fi ka harkaa muramane, hambaa qorii tiyyaa jalaa qocataa nyaataniiyyu. Daba ani isaan irratti huje, adha Waaqi deebisee natti fide» jedhe. Kolbaan Yihuda'aa gara Yerusaalemii isa geessitee, inni achitti du'e. \p \v 8 Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa qachaa Yerusaalemii loltee qabatte; namoota qachaa keessa jirulle shallaaga'aan fixxee, qachaa sanille ibiddaan gudde. \v 9 Kanaan duuba kolbaan Yihuda'aa, Kana'aanota worra biyya koobaa, goomolee kibba Negebiitii fi lafa kooba jalaa ta gara aduun seentuu loliisaaf dhaxxe. \v 10 Worri Yihuda'aa, Kana'aanota qachaa Kebroonii ka dur, «Kiriiyati-Arbaa» jedhamu keessa le'anu loliisaaf dhaqane; isaan sanyii Sheshaayii, Ahimaaniitii fi Talmaayii injifatane. \s1 Otnii'el Qachaa Deebirii Injifate \p \v 11 Kolbaan Yihuda'aa, worra qachaa Deebirii ka dur, «Kiriiyat-Sefe» jedhamu keessa le'u loliisaaf dhaqane. \v 12 Kaaleb, «Nama Kiriiyat-Sefer lolee qabatuuf, ani intala tiyya Aksaa hin heerumsiisa» jedhe. \v 13 Otnii'el ilmi Qenazii obboleessa maandhicha Kaalebii qachaa san qabate; tanaaf Kaaleb intala ifii Aksaa Otnii'el heerumsiise. \v 14 Aksaan Otnii'el heerumteen duuba, akka inni abbaa isi'ii irraa fichaa gaafatuuf itti hinte. Yennaa isiin harree ifii irraa baate, Kaaleb, «Ani maan akka si'iif godhu barbaadda?» jedhee gaafate. \v 15 Isiille deebittee, «Latti ati naaf kennite lafa gammoojji'ii keessa waan teeteef, madda bisaaniille akka naaf kennitu barbaada» jette. Maarre Kaaleb madda bisaanii ka oliitii fi ka gadii kenneef. \s1 Injifachaa Gosa Yihuda'aatii Fi Beniyaamii \p \v 16 Sanyiin abbaa soddaa Muuse'ee Qenichaa, kolbaa Yihuda'aa woliin qachaa Meexxi'iitii ka'anee, lafa biyya Yihuda'aa keessaa gara lafa goomolee kibbaa ta qachaa Araadii biraatitti ol bayanee, kolbaa biyya sanii woliin le'ane. \v 17 Kolbaan Yihuda'aa obboleeyyan ifii kolbaa Shimi'oonii woliin gara qachaa Zifaatii dhaqanee, Kana'aanota achi le'anu lolanee qachaa san ijjumaa balleessane; tanaaf maqaa qachaa saniille, «Hormaa\f + \fr 1:17 \fr*\fqa Hormaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Badiisa \ft*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhanee baasane. \v 18 Kolbaan Yihuda'aa qachoota Gaaza'aa, Ashqaloonii, Eqrooniitii fi lafa adaala qachaa saniille qabatane. \v 19 Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aa woliin waan jiruuf, isaan biyya koobittii injifatanee fudhatane; ammoo worri lafa dirree keessa le'u, garreettaa sibiilaa\f + \fr 1:19 \fr*\fqa Garreettaa sibiilaa: \fqa*\ft Garreettaa sibiilaa kana lolaaf itti fayyadaman.\ft*\f* ka fardo'oon harkifamu waan qabanuuf, isaan ari'anee baasiisaaf hin dandeenne. \v 20 Akkuma Muuseen ajajetti qachaan Kebroonii Kaalebiif kenname; innille sanyii ilmaan Aanaaqii sad achii ari'ee baase. \v 21 Sanyiin Beniyaaminii ammoo, Yibusoota ari'anee Yerusaalem keessaa waan hin baasiniif, isaan haga adhaa kolbaa Beniyaaminii woliin Yerusaalem keessa le'an. \s1 Sanyiin Ilmaan Yoseefii Qachaa Bet'elii Qabatte \p \v 22 Sanyiin ilmaan Yoseefii qachaa Bet'elii loliisaaf dhaxxe; Mootiin Waan Maraalle isaan woliin jiraayyu. \v 23 Sanyiin ilmaan Yoseefii gara qachaa Bet'eliititti gaaddota ergite; maqaan qachaa Bet'elii dur, «Luz» jedhama. \v 24 Gaaddoti sun nama qachaa keessaa gad bawu dhagganee, «Karaa gara qacha'aa seenu nutti mudhisi; nuutille waan dansaa si'iif goona» jedhaneen. \v 25 Maarre innille karaa gara qacha'aa seenu isaanitti mudhise; isaanille worra qachaa keessa le'u shallaaga'aan fixane; namichaa fi maatii isaa ammoo nageyaan lakkisane. \v 26 Namichi sun gara biyya Heetotaa dhaqee, qachaa maqaan isaa haga adhaa, «Luz» jedhamee beekkamu ijaare. \s1 Kolbaa Worri Israa'elii Hin Ari'in \p \v 27 Sanyiin Minaase'ee worra Bet-shaan, Ta'anaa, Door, Yible'aam, Megidoo fi worra ollaa adaala isaanii keessa le'u ari'anee hin baanne; Kana'aanotille achuma keessa le'iisaaf murteeffatane. \v 28 Israa'elooti yennaa jabaatane, worri Kana'aanotaa akka hujii hunnaa isaaniif hujanu, hunnaan godhane malee, isaan mara ari'anee hin baanne. \p \v 29 Sanyiin Efreemiille Kana'aanota qachaa Gezerii keessa le'anu ari'anee hin baanne; tanaaf Kana'aanoti odduu isaanii Gezer keessa le'ane. \p \v 30 Sanyiin Zebuloonii Kana'aanota Qiixronii fi Nahalol keessa le'anu ari'anee hin baanne; ammoo isaanuma odduu le'aa hujii hunnaa akka hujanu hunnaan godhane. \p \v 31 Sanyiin Asheerii worra qachaa Aakoo, Sidoonii, Ahilaabii, Akziibii, Helba'aa, Afeqiitii fi Rehoobii keessa le'u ari'anee hin baanne. \v 32 Tanaaf kolbaan Asheerii Kana'aanota achi jiranu woliin le'ane. \p \v 33 Sanyiin Niftaalemii Kana'aanota Bet-sheshii fi Bet-anaat keessa le'anu ari'anee hin baanne; tanaaf worri Kana'aanota isaan woliin lafa san le'ane; ammoo hujii hunna akka isaanii hujanu hunnaan godhane. \p \v 34 Worri Amoorotaa sanyii Daanii gara biyya koobitti'ii ari'ane; gara dirre'eelle gad bu'iisa isaan dhooggane. \v 35 Worri Amoorotaa Ayalon, Sha'aalbiimii fi kooba Heresii keessa le'iisaaf murteeffatane; sanyiin ilmaan Yoseefii ammoo ifiin jalatti isaan bulchaa, akka hujii hunnaa isaaniif hujanu hunnaan godhane. \p \v 36 Meessaan worra Amoorotaa tarba Aqrabiimii Selaa irraa jalqabee, ol baya. \c 2 \s1 Ergamaan Mootii Waan Maraa Bokiimitti Israa'elootatti Dubbate \p \v 1 Ergamaan Mootii Waan Maraa qachaa Giilgalii irraa gara Bokiimii ol bayee, Israa'elootaan, «Ani biyya Gibxi'iitii isin baasee, gara biyya abbootii teessan ta duriitiif kenniisaaf waadaa galee isin fide; ani, ‹Gondooroo isin woliin godhe haga bara baraa hin diigu. \v 2 Isin addee ciinca'aa ta worra biyya kanaa diiga'a malee, isaan woliin wol hin gondoorina'a› jedheera; isin ammoo naaf hin ajajanne. Isin maaf tana gootane ree? \v 3 Maarre ani amma, worra kana isin duraa hin ari'u. Isaan isiniif diina te'an; waaqoti isaaniille tiyyoo isinitti te'an» jedhe. \v 4 Yennaa ergamaan Mootii Waan Maraa tana dubbate, kolbaan Israa'elii marti qoonqoo ol qabattee bootte. \v 5 Tanaaf addeen sun «Bokiim\f + \fr 2:5 \fr*\fqa Bokiim: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Worra bowu \ft*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhantee moggaafante. Isaan achitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessane. \s1 Du'a Iyaasu'uu \p \v 6 Iyaasuun kolbaa Israa'elii gara addee addee isaaniititti yennaa erge, nami tokko tokkonuu qooda lafa ifii fudhatiisaaf gara lafa ifii dhaqe. \v 7 Bara Iyaasu'uutii fi bara jaarsolee isaan duuba le'anee, waan gugurdoo Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiif godhe mara dhagganeetitti, kolbaan Waaqa waaqonfatte. \v 8 Iyaasuun ilmi Nunii tajaajilaan Mootii Waan Maraa woggaa dhibbaa fi kudhanitti du'e. \v 9 Isaan lafa qooda isaa biyya Efreemii koobittii, ta gaara Ga'aashii irraa gara kaabaa jirtu, Tiimnaat-Heresitti isa awwaalane. \v 10 Dhalooti sun marti dhumatteen duuba, dhalooti dhibiin ka Waaqaa fi waan Waaqi kolbaa Israa'eliitiif godhe hin beenne kaate. \s1 Kolbaan Israa'elii Waaqa waaqonfatiisaa Lakkitte \p \v 11 Achiin duuba kolbaan Israa'elii waan fuula Mootii Waan Maraa duratti hantuu te'e hujjee, waaqota dharaa Ba'aal waaqonfatte. \v 12 Isaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii isaanii biyya Gibxi'ii keessaa baase waaqonfatiisa lakkisane; waaqota worra adaala isaanii jiruu hordofanee, sagadiisa jalqabanee, Mootii Waan Maraa aarsane. \v 13 Isaan Waaqa waaqonsiisa lakkisanee waaqota dharaa Ba'aalii fi Ashitaaroti waaqonfatane. \v 14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliititti aaree, worra isaan saamutti dabarsee isaan kenne; inni harka diinota adaala isaanii maratti isaan gurgure; achiin duuba kolbaan Israa'elii diinota ifii ifi irraa dhooggatiisa hin dandeenne. \v 15 Mootiin Waan Maraa akkuma kaku'uun isaanitti dubbate, yennaa lolaaf bayanu mara, akka isaan injifatamanuuf isaan morme; tanaaf isaan guddoo rakkatane. \p \v 16 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Israa'eloota worra isaan saamu jalaa akka baasanuuf abbootii mura'aa isaaniif kaase. \v 17 Kolbaan Israa'elii ammoo, Mootii Waan Maraatiif addatamuu lakkittee, waaqota dhibii waaqonfatiisaan sagaagaltee, sagaddeef malee, abbootii mura'aa ifiitiif hin ajajanne. Abbootiin isaanii Waaqaaf ajajanteertiiyyu; isaan ammoo karaa abbootiin isaanii ta durii ideente irraa ariiti'iin gorane; fakkeenna isaaniille hin hordonne. \v 18 Mootiin Waan Maraa, abbootii mura'aa yennaa isaaniif kaase, abbaa mura'aa tokko tokkooyyuu woliin jiraatee, bara abbaa mura'aa san maraa Israa'eloota harka diinotaa keessaa baasaareeyyu; namooti waan isaan miidhanee cunqursaneef, yennaa isaan qarqaariisaaf gara Mootii Waan Maraa iyyane, inni isaaniif naye. \v 19 Abbaan mura'aa yennaa du'u ammoo, kolbaan waaqota dhibii hordofiisaan, isaan waaqonfattee sagaddee, abbootii ifii ta durii caalaa hammeenna hujane; hujii hantuu ifiitii fi mataa jabinna ifiille hin lakkinne. \v 20 Tanaaf aariin Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti bobeettee, «Kolbaan tun gondooroo ani abbootii isaanii ta durii akka eegatanuuf ajaje diiganee, ajaja kiyyalle waan hin eegatiniif, \v 21 gosa biyya adda addaa ka Iyaasuun yennaa du'e lakkise, ani haganaa achi isaan keessaa tokkolle ari'ee hin baasu. \v 22 Kolbaan Israa'elii, akkuma abbootii isaanii ta durii, karaa kiyya ka hordofanu yookiin ka hin hordonne te'uu isaanii, worra achitti hafe saniin haga isaanii ilaala» jedhe. \v 23 Tanaaf Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa san achuma akka le'anu godhe; ariiti'iin ari'ee isaan hin baanne; harka Iyaasu'uulletti dabarsee isaan hin kennine. \c 3 \s1 Gosa Biyya Adda Addaa Ka Adoo Hin ari'amin Hafane \p \v 1 Israa'eloota lola Kana'aanii keessatti hin dhaggamin haga ittiin ilaaliisaaf, gosi biyya adda addaa ka Mootiin Waan Maraa lakkise ka asii gadii kana. \v 2 Inni dhaloota Israa'elii ta kanaan qara lola irratti dhaggamanee hin beenne, lola barsiisiisaaf tana jedhe. \v 3 Gosi biyya adda addaa ka achitti hafane kunille, bulchitoota Filisxeemotaa shanan, Kana'aanota duudii, Sidoonota, Hiiwota worra gaara Ba'aal-Hermooniitii jalqabee haga Haamaatitti, gaara hedduu Libaanonii gubbaa le'u. \v 4 Gosi biyya adda addaa kun, ajaja Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin abbootii isaanii ta duriitiif kenne, Israa'elooti akka ajajamanu yookiin hin ajajanne beekiisaaf ittiin haga ilaaliisaaf achitti hafane. \v 5 Tanaaf Israa'elooti worra Kana'aanotaa, worra Heetotaa, worra Amoorotaa, worra Pheriizotaa, worra Hiiwotaatii fi worra Yibusootaa woliin le'ane. \v 6 Isaan durra isaanii fuudhanee, ta ifii ilmaan isaanii heerumsiisane; waaqota isaaniille waaqonfatane. \s1 Otnii'el \p \v 7 Israa'elooti Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujane; isaan Waaqa Mootii Waan Maraa ifii lakkisanee, waaqota dharaa Ba'aalii fi Asheeraa waaqonfatane. \v 8 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elitti guddoo aaree, harka mootii Mesophotaamiya'aa, Kushaan-Riishaataayimiititti dabarsee isaan kenne; isaanille woggaa saddeeti mootii san tajaajilane. \v 9 Yennaa Israa'elooti gara Mootii Waan Maraa iyyane ammoo, innille harka mootichaa jalaa ka isaan baasu, ilma Qenazii obboleessa Kaalebii maandhicha Otnii'el isaaniif kaase. \v 10 Ayyaanni Mootii Waan Maraa Otnii'el irratti bu'ee; innille Israa'el irratti abbaa mura'aa te'e; yennaa inni lolaaf baye Mootiin Waan Maraa mootii Mesophotaamiya'aa Kushaan-Riishaataayim harka isaatitti dabarsee kenne; innille Kushaan-Riishaataayim injifate. \v 11 Tanaaf latti woggaa afurtama nageyaan turte; achiin duuba ilmi Qenazii Otnii'el du'e. \s1 Ehud Israa'eloota Rakkinna jalaa Baase \p \v 12 Israa'elooti ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; waan kanaaf Mootiin Waan Maraa mootiin Mo'aabii Egloon akka Israa'eloota injifatu hunna kenneef. \v 13 Egloon mootota Amoonotaatii fi Amaaleqootaa ede'atee, Israa'eloota lolee, qachaa meexxi'ii\f + \fr 3:13 \fr*\fqa Qachaa meexxi'ii: \fqa*\ft Qachaan kun Yeriko'o.\ft*\f* qabate. \v 14 Israa'elooti mootii Mo'aabii Egloon woggaa kudhanii saddeeti tajaajilane. \p \v 15 Yennaa Israa'elooti gara Mootii Waan Maraa iyyane; innille nama isaan bilisa baasu, sanyii Beniyaaminii keessaa ilma Gera'aa Ehud ka harka bitaachaa isaan qarqaaruuf kaase. Israa'elooti mootii Mo'aabii Eglooniif akka gibira geessu isa ergane. \v 16 Ehud shallaagaa ciqilee tokko dheeratu, ka gara lamaaniinuu qara qabu tunsiifatee, woyaa ifii jalaan tafa middaatitti hidhate. \v 17 Achiin duuba inni gibira san mootii Mo'aabii namicha guddoo furdaa te'e, Eglooniif geesse. \v 18 Ehud gibira kenneen duuba, worri gibira ba'atee dhaqe, gara mana ifii akka deebi'anu godhe. \v 19 Inni ifii ammoo, dhakaa ijaarsaaf qotanee baasane, ka Giilgal biraa yennaa geye duubatti deebi'ee, gara mootii Egloonii dhaqee, isaan, «Ee mootii! Ani ergaa dhossa'aa ta sitti himu qaba» jedhe; mootichille, «Cadhisa'a» jedhe. \p Achiin duuba tajaajiltooti isaa marti isa biraa gad bayane. \p \v 20 Egloon kolloo ifii ta mana gubba'aa ta qilleensa qaddu keessa qofuu tee'eeruun, Ehud isa bira dhaqee, «Ergaa Waaqa biraa sii dhutte qaba» jedheen. Mootichille ol ka'ee dhaabbatte. \v 21 Ehud shallaagaa ifii tafa middaa irraa harka bitaachaan buqqifatee, gadhaa mootichaa hordee woraane. \v 22 Addeen qabata shallaaga'aalle adoo hin hafin gadhaa keessa seenee, qacceen shallaaga'aa dudda duubaan fullaate; moorri namichaa shallaagaa waan golleef, Ehud shallaagaa gadhaa namichaa keessaa hin buqqinne. \v 23 Achiin duuba Ehud kolloo mootichaa ka mana irraa keessaa gad bayee, duubaan balbala itti cufee danqare. \v 24 Ehud mana keessaa bayee deemeen duuba, tajaajiltooti isaa dhufanee balbalti kolloo mootichaa ta mana irraa cufanteertuun yennaa dhaggane, mootichi faalowa irra waan jiru seyane. \v 25 Isaan haga eeganee dadhabanutti\f + \fr 3:25 \fr*\fqa Dadhabanutti: \fqa*\ft Yookiin hifatanutt.\ft*\f* eegane; ammoo inni balbala banuu dhannaan, furtuu fuudhanee balbala banane. Achitti goottaan isaanii du'ee lafa irra irkateeruun dhaggane. \p \v 26 Tajaajiltooti mootichaa balbala banamiisa adoo eeganuu, Ehud isaan irraa fagaatee deeme. Inni dhakaa ijaarsaaf qotanee baasanu san irra taree, gara Se'iira'aa miliqe. \v 27 Inni yennaa achi geye, biyya koobittii Efreemiititti tultullaa\f + \fr 3:27 \fr*\fqa Tultullaa: \fqa*\ft Yookiin \ft*\fqa faaggaa \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* afuufe; kolbaan Israa'eliille inni isaaniin dura deemuun, isa woliin gaara irraa gad buute. \v 28 Inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa diinota keessan worra Mo'aabii harka keessanitti dabarsee waan kenneef na hordofa'a» jedhe. Tanaaf isaan isa gula gad bu'anee, malkaa laga Yordaanosii ta gara Mo'aabii gamatti bayanu qabatanee, nami tokkolle achiin akka hin dabarre dhooggane. \v 29 Yennaa san loltoota jajjabaa fi hunnaameyyii Mo'aabii keessaa, gara kuma kudhanii ijjeesane; nami isaan jalaa miliqe tokkolle hin jiru. \v 30 Israa'elooti gaafa san worra Mo'aabii injifatte; latti sunille woggaa saddeettama nageya dhaggatte. \s1 Shamgaar \p \v 31 Ehudiin duuba ilmi Anaatii Shamgaar, sibiila mutaa qotiyyo'oon oofanuun worra Filisxeemotaa dhibba jaa ijjeesee, kolbaa Israa'elii isaan jalaa baase. \c 4 \s1 Debora'aa Fi Baaraaqi \p \v 1 Ehud du'een duuba, Israa'elooti ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujane. \v 2 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, harka Yaabiinii mootii Kana'aanii ka qachaa Hazoorii bulchuutitti dabarsee isaan kenne. Ajajaan loltoota isaa, nama «Siiseraa» jedhamu ka qachaa Haroshet-hagoyiimii keessa le'u. \v 3 Mootichi Yaabiin garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu dhibba sagal waan qabuuf, woggaa diddama gadhi-jabeennaan waan cunqurseef, Israa'elooti akka Mootiin Waan Maraa isaan qarqaaruuf iyyite. \p \v 4 Yennaa san Deboraan raagittiin haati manaa Laphiidotii, kolbaa Israa'eliitiif haadha mura'aa ti. \v 5 Isiin biyya koobotii Efreemii keessa, qachaa Raama'aatii fi Bet'elii odduu meexxii Debora'aa jala teettee muraa kenniti; kolbaan Israa'eliille muraa dhaggatiisaaf gara isi'ii dhaxxiiyyu. \v 6 Gaafa tokko Deboraan qachaa Qedeeshii ka Naftaalem keessaatitti ilma Abiino'aamii Baaraaqitti nama ergitee waansittee, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, ‹Dhaqiitii sanyii Niftaalemiitii fi Zebuloonii keessaa namoota kuma kudhan gara gaara Taaborii geessi. \v 7 Siiseraan ajajaan loltoota Yaabiinii, garreettaa sibiilaa ka fardaan harkifamuu fi loltoota ifii woliin laga Kiishoniititti si loliisaaf gara keeti akka dhufu hin godha; harka keetille'etti dabarsee isa hin kenna› jedhee si ajajeera» jetteen. \p \v 8 Achiin duuba Baaraaqi isi'iin, «Yoo ati na woliin dhaxxe anille hin dhaqa; yoo ati na woliin hin dhaqin ammoo anille hin dhaqu» jedhe. \p \v 9 Isiille deebittee, «Teetuu ti; ani si woliin hin deema; ammoo Mootiin Waan Maraa Siiseraa harka dubarti'iititti dabarsee waan kennuuf, karaa ati yaaddu kanaan ulfinni si'iif hin te'u» jette. Achiin duuba Deboraan Baaraaqi woliin Qedeesh dhaxxe. \v 10 Baaraaqi sanyii Zebulooniitii fi Niftaalemii Qedeeshitti waame; loltooti kum kudhan isa gula deemane; Deboraalle isa woliin dhaxxe. \p \v 11 Heberiin Qenichi sanyii Hobaabii abbaa soddaa Muuse'ee, worra Qenootaa dhibii irraa gargar bayee, dunkaana ifii lafa «Zaa'anaaniim» jedhantu ta qachaa Qedeeshii bira jirtu keessatti, muka qilxa'aa cina'atti dhaabe. \p \v 12 Ilmi Abiino'aamii Baaraaqi gara gaara Taaboriititti akka ol baye Siisera'atti himane. \v 13 Siiseraalle garreettaa sibiilaa ka fardaan harkifamu dhibba sagalii fi loltoota ifii mara Haroshet-Hagoyiim irraa gara laga Kiishonii wolitti qabe. \p \v 14 Achiin duuba Deboraan Baaraaqiin, «Mootiin Waan Maraa adha Siiseraa harka keetitti dabarsee waan kennuuf, ka'i! Mootiin Waan Mara si'iin dura hin deema» jetteen. Maarre Baaraaqi loltoota kuma kudhan woliin gaara Taaborii irraa gad bu'e. \v 15 Akkuma Baaraaqi loltoota ifii woliin jara loleen, Mootiin Waan Maraa Siisera'aa fi loltoota isaa, garreettaa isaa ka fardo'oon harkifamu maralle joonjesse. Siiseraalle garreettaa sibiilaa ifii ka fardo'oon harkifamu irraa bu'ee, miilaan dheete. \v 16 Baaraaqi garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamuu fi loltoota haga Haroshet-hagoyiimii ari'e. Loltooti Siisera'aa marti shallaaga'aan dhumattee, nami tokkolle hin hanne. \p \v 17 Mootii Hazoorii Yaabiinii fi sanyii Heberii Qenichaa wodhakkaa nageenni waan jiruuf, Siiseraan gara dunkaana Yaa'elii niitii Heberii Qenichaa baqate. \v 18 Yaa'elille Siiseraa fudhatiisaaf gad baatee, «Goottaa kiyya koy; gara dunkaanii tiyyaa seen; hin sodaatin» jetteen. Inni yennaa seene, isiille golla'aan duubatti isa dhossite. \v 19 Inni isi'iin, «Ani waan dheebodheeruuf, maganne'e bisaan unu naaf kenni» jedhe; isiin aanannoo buqqittee, waan inni unu kennitee, deebittee isa dhossite. \v 20 Achiin duuba inni isi'iin, «Seensuma dunkaani'ii dura dhaabbadhu; eennulle dhufee, ‹Nami as jiraa?› jedhee yoo si gaafate ‹Hin jiru› jedhiin» jedhe. \p \v 21 Siiseraan guddoo waan dadhabeeruuf hirriiba hamaa keessa jiraayyu; achiin duuba Yaa'eliin niitiin Heberii burrisaa fi togaa dunkaanaa fudhattee, laana gara isaa dhaxxee, guunaa gurra isaatitti dhoottee lafatti fullaache; innile du'e. \v 22 Baaraaqi Siiseraa ari'aa yennaa dhufe, Yaa'el isa fudhatiisaaf gad baatee, «Asi koy! Nama ati barbaaddu si'itti mudhisa» jetteen. Maarre inni isii woliin gara keessaa yennaa seene, togaan dunkaanaa guunaa gurra Siisera'aatitti danqaramee, du'ee ciiseeruun dhagge. \p \v 23 Waaqi guyyaa san mootiin Kana'aanii Yaabiin Israa'eloota akka injifatu godhe. \v 24 Israa'elooti mootii Kana'aanii Yaabiin ijjumaa haga balleessanutti ittuma jabaatane. \c 5 \s1 Faaruu Debora'aatii Fi Baaraaqii \p \v 1 Guyyaa san Debora'aa fi ilmi Abiino'aamii Baaraaqi faaruu asii gad jirtu faarfatanee, \q1 \v 2 «Sooressitooti Israa'eloota waan sooressaneef, \q2 kolbaalle fedhii ifiitiin \q2 duuliisaaf waan murteeffatteef \q2 Mootii Waan Maraa galateeffadha'a! \b \q1 \v 3 «Isin Mootoleen, dhage'a'a! \q2 Isin sooreyyiin, caqasa'a! \q1 Ani Mootii Waan Maraatiif hin faarsa! \q2 Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa Israa'elii hin leellifadha. \b \q1 \v 4 «Ee Mootii Waan Maraa, \q2 yennaa ati gaara Se'iirii irraa kaate, \q2 yennaa ati biyya Edoomii keessa deente \q2 latti tachootee, \q2 ol-gubbaan bisaan dhangalaatte; \q2 duumensille bokkeya roobisiise. \q1 \v 5 Gaaroti Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa Siina'aa duratti, \q2 fuula Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa Israa'elii duratti tacho'ane. \b \q1 \v 6 «Bara Shamgaarii ilma Anaatii, \q2 bara Yaa'elii \q2 karaan guddaan one; \q2 worri karaa deemulle \q2 karaa miliffataatiin deemaniiyyu. \q1 \v 7 Haga guyyaa ani Deboraan \q2 Israa'eliif akka haadhaa te'ee ka'etti, \q2 qachaan Israa'elii oneera. \q1 \v 8 Achiin duuba Israa'elooti \q2 waaqota dur hin beenne yennaa filatane, \q2 lolli gara karra qacha'aa dhufe; \q2 Israa'eloota kuma afurtama oddu'utti, \q2 wonteen yookiin eboon hin dhagganne. \q1 \v 9 Gadhaan kiyya \q2 dura aantota worra woraanaa ka Israa'elii, \q2 ka fedhii ifiitiin duuliisaaf murteeffate bira jira. \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a! \b \q1 \v 10 «Isin worri harree adaadii irraa teettanu, \q2 worri gilaasii seefante irra teettanu, \q2 worri karaa irralle deddeentanu, \q2 marroo waan kanaa hima'a. \q1 \v 11 Qeexala worra heddu'uu \q2 ka adaala boolla bisaaniitii dhage'amu dhage'a'a; \q2 qeexalli sun injifachaa Mootii Waan Maraa, \q2 injifachaa kolbaa Israa'eliille hima. \b \q1 «Achiin duuba kolbaan Mootii Waan Maraa \q2 gara karra qacha'aa gad buute. \q1 \v 12 Debora'a, ka'i, Ka'i! \q2 Ka'i, ka'iitii faarfadhu! \q1 Baaraaqii ilma Abiino'aamii, \q2 atille ka'i! \q2 Worra boojite qabadhuu deemi. \b \q1 \v 13 «Achiin duuba worri hafe \q2 gara qondaaltotaa gad bu'ane. \q2 Kolbaan Mootii Waan Maraa marroo tiyyaaf \q2 worra hunnaameyyii loliisaaf dhutte. \q2 \v 14 Worri dhufelle, sanyii Efreemii keessaa gariin \q2 addee dur worri Amaaleqootaa le'u irraa dhufane. \q2 Worri dhibiille sanyii Beniyaamii keessaa dhufane. \q1 Sanyii Maakiirii keessaa \q2 dura aantoti worra woraanaa, \q2 sanyii Zebuloon keessaa \q2 worri ulee bokku'uu qabatu dhufane. \q1 \v 15 Sooressitooti sanyii Yisaakorii \q2 Deboraa woliin dhufane; \q2 Baaraaqille sanyii Yisaakorii woliin dhufee, \q2 gara dhooqaa isa gula ori'e. \q1 Sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadanee \q2 murteeffatiisa hin dandeenne. \q1 \v 16 Maaf odduu gooree hoole'ee teettane? \q2 Madha hoole'ee dhage'iisaafii? \q1 Eeti'i, sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadanee \q2 murteeffatiisa hin dandeenne. \q1 \v 17 Sanyiin Giil'aad laga Yordaanosii irraa \q2 gara aduun baatutti turte; \q2 sanyiin Daanii maaf hoboloo guddittii keessa turte? \q1 Sanyiin Asheerii qarqara abbaaya'aa, \q2 addee buufata hobolo'oo turte. \q1 \v 18 Sanyiin Zebuloonii du'aaf ifi dabarsitee kennite. \q2 Sanyiin Niftaalemille \q2 koobota woraanaa irratti akkasuma goote. \b \q1 \v 19 «Moototi dhufanee lolane; \q2 yennaa san mootota Kana'aanii \q2 qachaa Ta'ana'aatitti \q2 bisaan Megidoo biratti lolane \q2 ammoo meetii takkaalle, \q2 waan dhibiille hin saanne. \q1 \v 20 Urjooti ol-gubbaa irra, \q2 daandii ifii irra deemaa Siiseraa lolte. \q1 \v 21 Lagi Qiisonii ka durii durii sun, \q2 isaan haree dabare. \q1 Lubbuu tiyya, \q2 jabaadhuu deem! \q1 \v 22 Fardoon Kotte'een hididditte; \q2 gulufaa gulufaa \q2 gara fardoo jajjaba Siisaara'aa dhaxxe. \q1 \v 23 Ergamaan Mootii Waan Maraa, \q2 ‹Qachaa Merozii abaara'a! \q1 Worri qachaa san keessa le'u, \q2 Worra hunnaameyyii loliisaan, \q2 Mootii Waan Maraa qarqaariisaaf \q2 waan hin dhufiniif, akka malee abaara'a› jedhe. \b \q1 \v 24 «Niitiin Heberii Qenichaa Yaa'el, \q2 dubartoota mara caalaa \q2 ta hiree dansaa qaddu teetuu ti; \q2 dubartoota dunkaanii keessa leetu caalaa \q2 ta hiree dansaa qaddu teetuu ti. \q1 \v 25 Siiseraan, bisaan kadhate; \q2 isiin ammoo aanan isaaf kennite; \q2 qodaa goottole'eetitti itittuu dhikeessiteef. \q1 \v 26 Isiin harka tokkoon \q2 togaa dunkaanaa qabattee, \q2 harka middaatiin \q2 burrisa hojjattootaa qabattee, \q1 Siiseraa dhoottee mataa butuchitee, \q2 shikaala san guunaa gurra isaatitti dhoottee \q2 jalaa fullaache. \q1 \v 27 Inni laafee, \q2 miila isi'ii jalatti jige; \q2 Adduma jige sanitti du'e. \b \q1 \v 28 «Haati Siisera'aa \q2 karaa foddaa manaatiin gad ilaaltee, \q2 iyyitee, ‹Garreettaan fardaan harkifamu \q2 ka mucaa kiyyaa maaf ture? \q2 hididdeettiin kottee fardaa \q2 maaf hin dhage'anne?› jette. \q1 \v 29 Dubartooti tajaajiltooti isi'ii qarooleen, \q2 gaaffii isi'iitiif deebii kennane; \q2 isiin ifumaan ifiin dubbattee, \q1 \v 30 ‹Isaan boojuu booji'anee, \q2 dubartii tokko tokko yookiin lama lama \q2 loltoota tokko tokkoofuu, \q2 Siisera'aaf woyaa kuula adda addaatiin seefante, \q2 morma worra booji'eetiif \q2 woyaa kuula adda addaatiin seefante \q2 qoodamiisatti jiranii motii?› jette. \b \q1 \v 31 «Ee Mootii Waan Maraa, \q2 diinoti keeti marti badanuu ti. \q2 Worri si jaalatu ammoo, \q2 akka aduun ganamaa akka malee issitu, \q2 issanuu ti» jette. \p Achiin duuba biyya sanitti woggaa afurtama nageenni te'e. \c 6 \s1 Giidewon \p \v 1 Kolbaan Israa'elii ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; tanaaf inni harka worra Miidiyaaniititti dabarsee isaan kenne; isaanille woggaa torba isaan bulchane. \v 2 Hunni worra Miidiyaanii Isrsaa'eloota irratti waan jabaatteef, kolbaan Israa'elii addee dhokaataa godaa fi kushee jadduu gaara irratti qopheeffatte. \v 3 Yennaa kolbaan Israa'elii midhaan ifii facaafattu mara, worri Miidiyaanii, worri Amaaleqiitii fi worri lafa gara aduun baatuu le'u dhufee isaan lole. \v 4 Isaan lafa sanitti qubatanee, midhaan haga adaala Gaaza'aa jiru mara balleessane; horii Israa'elooti ittiin leetu hoolee, loonii fi geejjiba isaanii duudii tokkolle hin lakkinneef. \v 5 Isaan akka tuuta awwaannisaa, hori'ii fi dunkaana ifii woliin waan dhufaneef, namootaa fi gaalota isaanii laakkowiisa hin dandeenne; isaan dhufanee lafa san balleessane. \v 6 Worri Miidiyaanii Israa'elootatti deega buusane; tanaaf Israa'elooti akka isaan qarqaaruuf gara Mootii Waan Maraa iyyite. \p \v 7 Yennaa Israa'elooti sababa worra Miidiyaaniitiif gara Mootii Waan Maraa iyyite, \v 8 Mootiin Waan Maraa raagaa tokko gara isaanii erge; innille isaaniin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani biyya Gibxi'ii lafa garbumma'aa keessaa isin baaseera. \v 9 Ani harka worra Gibxi'iitii fi harka worra isin cunqursuu mara jalaa isin baaseera; Kana'aanota isin duraa ari'ee, lafa isaaniille isiniif kenneera. \v 10 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; waaqota worra Amoorotaa ka lafa keessa leetanuu akka hin sodaanne isinitti himeeraayyu; isin ammoo na hin dhageenne› jedheera» jedhe. \p \v 11 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa dhufee, qilxaa ollaa «Ofraa» jedhamu keessa jiru tokko jala tee'e; qilxaan sun ka Yo'aasii sanyii Abii'ezerii ti; yennaa san Giidewon ilmi Yo'aasii worra Miidiyaanii jalaa dhoffatiisaaf, addee woynii itti cunfanutti qamadii dhowatiisatti jiraayyu. \v 12 Achitti ergamaan Mootii Waan Maraa isatti mudhatee, «Ee nama jabaa janna! Mootiin Waan Maraa si woliin jira» jedheen. \p \v 13 Giidewon deebisee, «Ee goottaa kiyya! Mootiin Waan Maraa nu woliin adoo jiraate, wonni kun marti maaf nu dhaqqadde ree? Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase, bilbaasi inni godhe ta abbootiin teenna nutti hinte meet ree? Amma ammoo, Waaqi nu gatee harka worra Miidiyaaniititti dabarsee nu kenneera» jedheen. \p \v 14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa gara isaa deebi'ee, «Hunna jadduu teeti tanaan dhaqi! Israa'eloota harka worra Miidiyaanii jalaa akka baattuuf ani si ergaara» jedhe. \p \v 15 Giidewon deebisee, «Ee goottaa kiyya, ani attamiin Israa'el hamburuu dande'a? Firri kiyya fira Minaase'ee keessaa fira diqqa'a; anille maatii tiyya keessaa maandhicha» jedhe. \p \v 16 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani si woliin waan jiruuf, worra Miidiyaanii duudii akka nama tokkochaa hin butuchita» jedheen. \p \v 17 Giidewonille deebisee Mootiin Waan Maraatiin, «Ani amma si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, ka na woliin dubbatiisatti jirtu dhugumaan si akka teete akka mirkaneeffadhuuf beessisa naaf kenni. \v 18 Haga ani kennansa fidee sii dhikeessutti, maganne'e asii hin deemin» jedhe. \p Mootiin Waan Maraalle, «Haga ati deebitutti hin eega» jedheen. \p \v 19 Maarre Giidewon gara mana ifii dhaqee, buruusoo re'e'ee qalee iffeelee, bullaa kiiloo kudhan fuudhee, daabboo uukoo hin qanne bilcheesse. Inni foon kollonjoo keessa keyee, bisaan foonii okkote'etti naqee, qilxaa jalatti ergamaa Waaqaatiif dhikeesse. \v 20 Ergamaan Waaqaalle Giidewoniin, «Foonii fi daabboo uukoo hin qanne san rassaa kana irra keyiitii, bisaan foonii itti naqi» jedhe. Giidewonille akkuma inni jedhe godhe. \v 21 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa, qaccee ulee harka ifiititti qabateeruun foonii fi daabboo uukoo hin qanne san tuqe; ibiddi rassaa keessaa bobe'ee, foonii fi daabboo uukoo hin qanne san nyaatee fixe. Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa Giidewon biraa deeme. \p \v 22 Giidewon ergamaa Mootii Waan Maraa akka dhagge yennaa hubate, «Maalo'o, Gootta'a Mootii Waan Maraa, ani ergamaa keeti dura dhaabbadhee ila tiyyaan waan dhaggeef, naaf aanne'e!» jedhe. \p \v 23 Mootiin Waan Maraa ammoo Giidewoniin, «Nageenni sii te'u! Hin sodaatin; hin duutu» jedhe. \v 24 Giidewon achitti Mootii Waan Maraatiif addee ciinca'aa ijaaree, «Mootiin Waan Maraa, Mootii Waan Maraa ka Nageyaa ti» jedhee moggaase. Addeen ciinca'aa sun haga adhaalle qachaa «Ofraa» jedhamu ka sanyii Abii'ezerii keessa jirti. \p \v 25 Halkan san Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Korommii abbaa keetiitii fi korommii dhibii ka woggaa torbaa fuudhi; addee ciinca'aa ta abbaan keeti Ba'aaliif ijaare diigiitii, utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu, ka cinaa san jiru butuchi jissi. \v 26 Tuulaa bututa sanii irratti, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif addee ciinca'aa haala sirrii te'een ijaari; achiin duuba korma lammeesso'oo fuudhii qaliitii, qoraan utubaa Asheera'aa ka butuchitee jissite saniin, ciincaa dhikeessi» jedhe. \v 27 Maarre Giidewon tajaajiltoota ifii keessaa nama kudhan fuudhee, akkuma Mootiin Waan Maraa isatti hime godhe. Inni guyya'aan tana godhiisaaf, maatii ifiitii fi worra qachaa sanii guddoo waan sodaateef, halkaniin godhe. \p \v 28 Worri qachaa keessaa boruyyaa barii ganama yennaa ka'e, addeen ciinca'aa ta Ba'aalii diigantee, utubaan waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu bututee, addee ciinca'aaf ijaarante irralle'etti, kormi lammeesso'oo ciinceffameeraayyu. \v 29 Isaan, «Tana ka godhe eennu?» jedhanee wol gagaafatane; guddoo qorqoraneen duuba tana ka godhe Giidewonii ilma Yo'aasii akka te'e beekane. \v 30 Achiin duuba isaan Yo'aasiin, «Ilmi keeti addee ciinca'aa ta Ba'aalii diigee, utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu, ka addee ciinca'aa bira jiru waan butucheef, akka ijjeennuuf gad nuu baasi!» jedhane. \p \v 31 Yo'aas ammoo worra isa marsanee dhaabbataneeranu duudi'iin, «Isin Ba'aaliif falmitanii? Yookiin isaaf golii teetanii? Nami isaaf falmu duudiin boru ganama hin ijjeefama. Ba'aal waaqa yoo te'e, nama addee ciinca'aa butuchee jisse san inninuu falmatuu ti!» jedhe. \v 32 Tanaaf Giidewon addee ciinca'aa ta Ba'aalii butuchee waan jisseef, guyyaa sanii jalqabee, «Yiruub-Ba'aal» jedhamee waamame. Afaan Ibrootaatiin, «Yiruub-Ba'aal» jechuun, «Ba'aal ifumaafuu falmatuu ti» jechu'u. \s1 Giidewon worra Miidiyaanii Injifate \p \v 33 Achiin duuba worri Miidiyaanii, worri Amaaleqiitii fi worri gara lafa baya adu'uu wolitti qabamee, laga Yordaanosii gamatti bu'ee, dhooqa Yizre'elii keessatti qubate. \v 34 Ayyaanni Mootii Waan Maraa Giidewon irratti bu'e; innille sanyiin Abii'ezerii akka isa hordottuuf tultullaa afuufe. \v 35 Inni gosi Minaase'ee duudiin akka isa hordottuuf itti ergee waansise; inni ammalle gosa Asheeriititti, gosa Zebulooniitii fi gosa Niftaalemiititti erge; isaaniille Giidewonii fi namoota isaa woliin wol dhaggiisaaf ol bayane. \p \v 36 Achiin duuba Giidewon Waaqaan, «Ati akkuma ani Israa'eloota harkuma kiyyaan baasuuf dubbatte, \v 37 kunoo ani rifeensa hoole'ee ka quxame eeddummee keessa hin keya; boru ganama latti marti goddee, rifeensa hoole'ee ka quxame san qofa irra fixeensi yoo jiraate, ati Israa'eloota harkuma kiyyaan akka baattu ani hin beeka» jedhe. \v 38 Wonni kunille akkuma inni jedhe teete. Giidewon boruyyaa ganama ka'ee, rifeensa hoole'ee quxame san yennaa miice, bisaan qorii tokko guutu keessaa baye. \v 39 Achiin duuba Giidewon Waaqaan, «Ammalle gaaffii tokko si gaafadha, maganne'e natti hin aariin; rifeensi hoole'ee ka quxame sun gogee, lafa duudii irratti fixeensi akka itti bu'u godhi» jedhe. \v 40 Halkan san Waaqi akkuma san godhe. Rifeensi hoole'ee ka quxame sun callaan gogee, lafa duudii irratti fixeensi bu'e. \c 7 \p \v 1 Boruyyaa ganama Giidewon ka, «Yiruub-Ba'aal» jedhamee fi worri isa woliin jiru marti barii ganama ka'anee, madda Haarodii bira qubatane; worri Miidiyaanii ammoo, addee isaan qubatane irraa gara kaabaatitti, kooba Mooree bira dhooqa keessa qubatane. \p \v 2 Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Worra Miidiyaanii harka isaaniititti dabarsee akka hin kennine, worri si woliin jiru heddu'u; Israa'elooti, ‹Hunnuma teennaan injifanne› jedhanee akka na irratti hin koorre, \v 3 ‹Eennulle ka sodaatee sheephisu yoo jiraate, gaara Giil'aadii irraa ka'ee, gara mana ifii deebi'uu ti› jedhii lallabi» jedhe; tanaaf namooti kum diddamii lama gara manaa deebi'anee, namooti kum kudhan achitti hafane. \p \v 4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Ammalle namooti si woliin jiranu akka malee heddu'u; isaan gara bisaanii gad geessi; anille achitti gargar siif hin fowa. Nami ani, ‹Inni si woliin deemuu ti› jedhu, deemuu ti; nami ani, ‹Inni si woliin hin deemin› jedhu, hin deemin» jedhe. \v 5 Giidewon namoota gara bisaanii geesse; Mootiin Waan Maraalle, «Nama akka sare'ee arraba ifiitiin bisaan laccisuu fi nama jilbiiffatee, bisaan unu gargar baasi» jedhe. \v 6 Laakkossi worra ooboo harka ifiitiin bisaan unee dhibba sad; worri hafe marti ammoo jilbiiffatee une. \v 7 Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Namoota dhibba sad, worra ooboo harka ifiitiin bisaan uneetiin, ani isin hin baasa; worra Miidiyaanii harka keessanitti dabarsee hin kenna; worri hafe marti gara mana ifii deebi'uu ti» jedhe. \v 8 Tanaaf Giidewon, galaa isaaniitii fi tultullaa isaanii irraa fuudhee gara mana isaanii isaan deebise; namoota dhibba sad san ammoo, ifi biratti hamburate; yennaa san worri Miidiyaanii isaaniin jala dhooqa keessatti qubateeraayyu. \p \v 9 Halkanuma san Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Ani worra Miidiyaanii harka keetitti dabarsee waan kennuuf, ka'iitii quttuma isaanii san loli. \v 10 Loliisa yoo sodaatte ammoo, tajaajilaa keeti Phuraa woliin gara quttumaa gad bu'i. \v 11 Ati waan isaan jedhanu dhageetteen duuba, quttuma san loliisaaf jajjabeenna hin dhaggatta» jedhe. Achiin duuba Giidewon tajaajilaa ifii Phuraa woliin, gara qarqara quttuma sanii gad dhaqane. \v 12 Worri Miidiyaanii, worri Amaaleqiitii fi kolbaan gara lafa baya adu'uu marti, akka heechaa awwaannisaa heddatanee, dhooqa keessa qubataneeraniiyyu; bacinni gaalota isaaniille akka maansa qarqara abbaaya'aa ka hin laakkowannee ti. \p \v 13 Yennaa Giidewon achi geye, nami tokko oojjuu oojjate takka, jaala ifiititti himiisatti jiraayyu. Inni, «Ani oojju'uun daabboon garbu'uu gara quttuma keennaa konkolaattee, gara dunkaanaa dhuttee dhoottee garagalchite; dunkaaniille jidde» jedhe. \p \v 14 Jaalli isaa deebisee, «Hiikkaan oojjuu tanaa shallaagaa Giidewonii ilma Yo'aasii nama Israa'elii ti malee, waan dhibi'itti hin hiikantu; Waaqi worra Miidiyaaniitii fi loltoota isaanii duudii harka isaatitti dabarsee kenneera» jedhe. \p \v 15 Giidewon oojju'uu fi hiikkaa isi'ii yennaa dhage'e, jilbiiffatee Mootii Waan Maraatiif sagade. Achiin duuba gara quttuma Israa'elootaa deebi'ee, «Loltoota worra Miidiyaanii, Mootiin Waan Maraa harka keessanitti dabarsee waan kenneef, ka'a'a!» jedheen. \v 16 Inni namoota dhibba sad san golii saditti qoodee, tultulla'aa fi okkotee duwwaa xassaa ifi keessaa qaddu, tokko tokkoo isaaniitiif kenne. \v 17 Inni isaaniin, «Na ilaala'aatii, waan ani godhu godha'a; yennaa ani qarqara quttumaa gewu, akkuma ani godhu isinille godha'a. \v 18 Anii fi worri na woliin jiru tultullaa yennaa afuunnu, isinille adaala quttumaa maratti afuufaa, ‹Mootii Waan Maraatii fi Giidewoniif lola'a!› jedha'aatii iyya'a» jedhe. \p \v 19 Giidewonii fi namooti dhibbi tokko worri isa woliin jiru, halkan wodhakka'aan dura, worri eeddotaa ka halkan kutaa lammeesso'oo keessa eegu, jijjiiramaneen duuba dhufane; isaan tultullaa afuufanee, okkotoota harkatti qabataneeranu caccassane. \v 20 Maarre goliin sadiinuu tultullaa ifii afuuttee, okkotee san caccassitee, harka ifii bitaachatti xassaa, harka ifii middichatti tultullaa qabattee, «Mootii Waan Maraatii fi Giidewoniif hin lolla» jedhaa iyyite. \v 21 Nami tokko tokkonuu adaala quttumaa maratti addee qabatee waan dhaabbateef, worri Miidiyaanii ka quttuma keessaa marti iyyaa iyyaa baqatane. \v 22 Namooti Giidewonii dhibbi sadiin sun tultullaa ifii yennaa afuufane, Mootiin Waan Maraa loltooti Miidiyaanii shallaaga'aan akka wolitti ka'anu godhe; isaan shallaaga'aan wol lolanee, gara qachaa Zereera'aatitti fuula galane gara qachaa Bet-shitaahititti, achille'een haga meessaa qachaa Abeel-meholaa ka Xabaat bira jiruutitti baqatane. \p \v 23 Israa'elootille gosa Niftaalemii, gosa Asheeriitii fi gosa Minaase'ee duudii keessaa waamamanee, worra Miidiyaanii ari'ane. \v 24 Giidewon worra biyya koobittii Efreemii gubbaa le'u maratti namoota ergee, «Gara worra Miidiyaanii gad bu'a'aatii isaan lola'aatii, laga Yordaanosii haga Bet-baraatii adoo isaan hin qabatin dura qabadha'a» jedhe. Tanaaf namooti Efreemii marti waamamanee, laga Yordaanosii haga Bet-bara'aatitti qabatane. \v 25 Isaan sooreyyii Miidiyaanii lamaan, Oreebii fi Ze'eeb booji'anee, Oreeb addee rassaa maqaa isaatiin, «Oreeb» jedhamee moggaafametti, Ze'eebille addee Cunfaa woyni'ii ta maqaa isaatiin, «Ze'eeb» jedhantee moggaafantetti ijjeesane; mataa Oreebiitii fi mataa Ze'eebii kutanee, gara Giidewonii, ka laga Yordaanosiitiin gama gara lafa baya adu'uu jirutti geessane. \c 8 \s1 Injifatama Worra Miidiyaanii Ka Muumme'ee \p \v 1 Achiin duuba kolbaan Efreemii Giidewoniin, «Ati worra Miidiyaanii loliisaaf yennaa baate, maaf nu waamuu dhadde? Maaf akkas nu goote?» jedhanee guddoo isa komatane. \p \v 2 Inni ammoo isaaniin, «Ani ka huje irra, ka isin hujjane hin caaluu ree? Woxoon midhaan woyni'ii ka sanyiin Efreemii qocce, ka sanyiin Abii'ezerii qoccee galchite mara hin caalaa motii ree? \v 3 Waaqi sooreyyii gugurdoo worra Miidiyaanii lamaan, Oreebii fi Ze'eeb harka keessanitti dabarsee kenneera. Ani ammoo haga isin hujjane kana maan huje ree?» jedhe. Inni yennaa tana isaaniin jedhe, aarii caffatane. \p \v 4 Giidewonii fi namooti dhibbi sad isa woliin jiranu, gara laga Yordaanosii dhufanee gamatti bu'ane; isaan dadhabanulle diinota ari'iisa hin lakkinne. \v 5 Qachaa Suukootii yennaa geyane Giidewon namoota qachaa keessa jiranuun, «Namooti na gula yaa'anu kun dadhabaneeran; maganne'e sagalee kenna'aaf; anille mootota Miidiyaanii, Zeba'aa fi Zalmunaa ari'iisatti jira» jedhe. \p \v 6 Qondaaltoti Suukootii ammoo, «Ati haga ammaa Zeba'aa fi Zalmunaa hin boojine, nuuti maaf sagalee loltoota keetiif kennina ree?» jedhane. \p \v 7 Maarre Giidewon, «Dansa'a! Mootiin Waan Maraa yennaa Zeba'aa fi Zalmunaa harka kiyyatti dabarsee kenne, qore'ee fi qumi'uuduu goomole'eetiin nafa keessan babbassa» jedhe. \v 8 Achiin ka'ee Giidewon gara qachaa Pheeni'elii dhaqee, gaaffuma san isaan gaafate; namooti qachaa Pheeni'eliille deebuma kolbaan Suukootii deebitte deebisane. \v 9 Maarre Giidewon kolbaa Pheeni'eliitiin, «Injifacha'aan yennaa deebi'u, xelleephoo qachaa keessan ittiin eegattanu tana hin diiga» jedhe. \p \v 10 Yennaa san Zeba'aa fi Zalmunaan loltoota ifii woliin qachaa Qarqorii keessa jiraniiyyu. Loltooti kum dhibba tokkoo fi kum diddam waan ijjeefamaneef, loltoota kolbaa gara lafa baya adu'uu mara keessaa, loltoota gara kuma kudhanii shaniititti hafe. \v 11 Maarre Giidewon karaa worri hori'iin godaanu, ka Noba'aa fi Yogbehaa irraa gara baya adu'uu jiruu dhaqee, loltoota dedhuma jiranu san lole. \v 12 Moototi worra Miidiyaanii lamaanuu Zeba'aa fi Zalmunaan baqatane; Giidewon ammoo isaan ari'ee booji'e; loltoota isaaniille mara bararasse. \p \v 13 Giidewon ilmi Yo'aasii karaa Haaresitti dabaruun lola irraa yennaa deebi'e, \v 14 namoota Suukootii keessaa dargaggeessa tokko qabee, qorqore; dargaggeessille maqaa qondaaltotaatii fi jaarsolee qachaa Suukootii torbaatamii fi torba barreesseef. \v 15 Achiin duuba Giidewon gara kolbaa qachaa Suukootii dhaqee, «Zeba'aa fi Zalmunaan ka isin marroo isaaniitiif, ‹Ati haga ammaa Zeba'aa fi Zalmunaa hin boojine, nuuti loltoota dadhaddeef maaf sagalee kennina ree?› jedhaa natti murgitanu, kunoo ti» jedheen. \v 16 Saniin duuba inni, jaarsolee qachaa Suukootii fuudhee, qore'ee fi qumi'uudu'uun babbassee adabiisaan, kolbaa Suukootii barsiise. \v 17 Inni xelleephoo qachaa Pheeni'eliille diigee, namoota qachaa san keessa jiranulle ijjeese. \p \v 18 Achiin duuba Giidewon Zeba'aa fi Zalmunaaniin, «Isin namoota attamii Taaboritti ijjeettane?» jedhee isaan gaafate. \p Isaan deebisanee, «Isaan si fakkaatan; tokko tokkoon isaaniituu ilmaan mooti'ii fakkaatan» jedhaneen. \p \v 19 Giidewon deebisee, «Isaan obboleeyyan tiyya, ilmaan haadha tiyyaa ti; dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, adoo isin isaan ijjeesuu dhaddanee jiraattane, anille isin hin ijjeesuuyyu» isaaniin jedhe. \v 20 Achiin duuba inni Yeterii ilma ifii angafichaan, «Ka'iitii jara tana ijjeesi!» jedhe. Yeter ammoo mucaa diqqaa waan te'eef sodaatee, shallaagaa ifii hin buqqifanne. \p \v 21 Achiin duuba Zeba'aa fi Zalmunaan, «Jabeenni namaa haguma abbichaa ti; tanaaf atinuu ka'iitii nu ijjeesi» jennaan, Giidewon ka'ee isaan ijjeesee, meya seesaa ka morma gaala isaanii irra jiru fudhate. \p \v 22 Saniin duuba Israa'elooti Giidewoniin, «Harka worra Miidiyaanii jalaa waan nu baatteef, ati, ilmi keetii fi ilmi ilma keetii bulchitoota teenna te'a'a» jedhane. \p \v 23 Giidewon deebisee, «Mootiin Waan Maraa isin bulchuu ti malee, ani isin hin bulchu; ilmi kiyyalle isin hin bulchu» jedhe. \v 24 Inni ammalle isaaniin, «Ani waan isin gaafadhu tokko qaba; tokko tokkoon keessan waan boojitane keessaa qubee worqi'ii ta gurraa naaf kenna'a» jedhe; qubee worqi'ii ta gurraa gurratti keyatiis aadaa worra Ishimaa'elootaa ti. \p \v 25 Isaanille deebisanee, «Gammadaan siif hin kennina» jedhanee, woyaa ifii lafatti afanee, tokko tokkoon isaaniituu waan booji'ane keessaa, qubee worqi'ii ta gurraa achi irra keyane. \v 26 Qubeen worqi'ii ta gurraa ta Giidewon fudhate sun, seesa dhibii, seesa mormaa ka adda addaa, woyaa dhiillee moototi Miidiyaanii uffattu, akkasuma seesa morma gaalaatitti dirame adoo itti hin dabalin, gara kiiloo diddamaa ti. \v 27 Giidewon worqii san irraa woyaa hayyumma'aa ta qomaa hujee, qachaa ifii ka «Ofraa» jedhamu keessa keye. Israa'elooti martinuu Waaqaaf addatamuu dhabanee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa san waaqonfatane; wonni kunille Giidewonii fi maatii isaatiif tiyyoo teete. \v 28 Maarre worri Miidiyaanii worra Israa'elootaatiin injifatamane; deebi'aneelle mataa ol hin qabanne; bara Giidewonii keessa woggaa afurtama latti nageya dhaggatte. \s1 Du'a Giidewonii \p \v 29 Giidewon ilmi Yo'aasii gara mana ifii deebi'ee, achi le'e. \v 30 Inni niitota hedduu waan qabuuf, ilmaan torbaatama qabaayyu. \v 31 Gursumeettiin isaa ta Sheekem keessa leetu takkalle, ilma deetteef; innille maqaa isaa «Abiimelek» jedhee baase. \v 32 Giidewon ilmi Yo'aasii guddatee dulloomee du'ee, qachaa Ofra'aa ka sanyii Abii'ezerii keessatti, addee awwaala abbaa ifii keessatti awwaalame. \p \v 33 Akkuma Giidewon du'een, kolbaan Israa'elii Waaqaaf addatamuu dhaddee Ba'aal Waaqa dharaa waaqonfattee, Ba'aal-beriiti Waaqa ifii godhatte. \v 34 Israa'elooti Mootii Waan Maraa Waaqa ifii, ka diinota adaala isaanii jiranu duudii jalaa isaan baase dedhane. \v 35 Akkasuma isaan waan dansaa Giidewon ka «Yiruub-Ba'aal» jedhame, kolbaa Israa'eliitiif godhe maraaf, maatii isaatiif nama galataa hin teene. \c 9 \s1 Abiimelek \p \v 1 Ilmi Giidewonii Abiimelek gara qachaa Sheekemii, addee firri haadha isaa duudiin keessa le'u dhaqee, isaaniin \v 2 «Worra qachaa Sheekemii keessa le'u duudi'iin, ‹Ilmaan Giidewonii torbaatam marti, isin bulchitu woyya moo nami tokko callaan isin bulchu woyyaa?› jedha'aatii gaafadha'a. Ani dhiigaa fi foon keessan akka te'elle qaabadha'a» jedheen. \v 3 Firri haadha isaa marroo Abiimelekiitiif, namoota qachaa Sheekemiititti dubbatane; namooti Sheekemille, «Inni obboleessa» jedhanee, isa hordofiisaaf murteeffatane. \v 4 Isaan galma Ba'aal-beriitii keessaa, meetii torbaatama fuudhanee isaaf kennane; Abiimelekille namoota siyyaayye'ee fi boru-hinbeennee qaxaratee akka isa gula deemanu godhe. \v 5 Inni gara mana abbaa ifii ka qachaa Ofra'aa keessaa dhaqee, ilmaan Giidewonii, obboleeyyan ifii torbaatama dhakaa tokkocha irratti ijjeese; ilmi Giidewonii maandhichi Yotaam ammoo waan dhokateef hafe. \v 6 Achiin duuba namooti Sheekemiitii fi Bet-Miilo'oo marti wolitti qabamanee, qilxaa Sheekem keessa ka utubaa dhaka'aa bira jirutti, Abiimelek mootii godhatane. \p \v 7 Yotaam yennaa waan kana dhage'e, qaccee gaara Geriiziimiititti ol bayee, «Isin worra Sheekemii, na caqasa'a! Waaqille isin hin caqasa. \v 8 Gaafa tokko mukooti wolitti qabamanee mootii ifi irratti moosifatiisaaf bayanee, muka ejersaatiin, ‹Nu irratti mootii te'i› jedhane. \v 9 Muki ejersaa deebisee, ‹Isin bulchiisaaf jedhee, zayitii tiyya ta waaqotii fi namooti ulfinna ittiin dhaggatanu kennuu lakkisa ree?› jedhe. \v 10 Achiin duuba mukooti muka harru'uutiin, ‹Koyiitii nu irratti mootii te'i› jedhane. \v 11 Muki harru'uu ammoo deebisee, ‹Isin bulchiisaaf jedhee, midhaan mi'awa'aa fi dansaa kiyya buusuu lakkisaa ree?› jedhe. \p \v 12 «Achiin duuba mukooti muka woyni'iitiin, ‹Koyiitii nu irratti mootii te'i› jedhane. \v 13 Muki woyni'ii ammoo deebisee, ‹Ani isin bulchiisaaf jedhee, midhaan kiyya ka daadhii woyni'iin te'ee waaqotaa fi namoota gammachiisu buusuu lakkisaa ree?› jedhe. \v 14 Maarre mukooti duudiin tusee qore'eetiin, ‹Koyiitii nu irratti mootii te'i› jedhane. \v 15 Tuseen qore'eelle mukootaan, ‹Dhugumaan yoo mootii keessan na godhatiisa barbaaddane, kowa'aatii gaaddisa kiyya jalatti qubadha'a. Yoo tana hin godhin, ibiddi dameelee qore'ee tiyya keessaa bayee, hindheensa Libaanosii gubuu ti› jette. \p \v 16 «Tanaaf amma, Abiimelek yennaa mootii gootane qajeelumma'aa fi dhuga'aan yoo te'e, akkuma Giidewon\f + \fr 9:16 \fr*\fqa Giidewon: \fqa*\ft Yookiin \ft*\fqa Yiruub-Ba'aal\fqa*\ft jedhama.\ft*\f* isiniif godhe, isinille isaa fi maatii isaatiif waan dansaa yoo gootanee jiraattane, \v 17 abbaan kiyya isiniif lolee, harka worra Miidiyaanii jalaa isin baasiisaaf, jiruu ifii dabarsee akka kenne qaabadha'a. \v 18 Adha ammoo isin maatii abbaa kiyyaa irratti kaatanee, ilmaan isaa torbaatama dhakaa tokkocha irratti fixxanee, Abiimelek ka garbittii irraa dhalate obboleessa keessan waan te'eef, worra Sheekemii irratti mootii gootane. \v 19 Amma yoona, wonni isin Giidewonii fi maatii isaatiif gootane, qajeelumma'aa fi dhuga'aan yoo teete, Abiimelekitti gammada'a; innille isinitti gammaduu ti. \v 20 Yoo tun hin te'in ammoo, Abiimelek irraa ibiddi ka'ee, worra Sheekemiitii fi worra Bet-Miilo'oo gubee fixuu ti; akkasuma ibiddi worra Sheekemiitii fi worra Bet-Miilo'oo irraa ka'ee, Abiimelek gubee fixuu ti» jedhe. \v 21 Achiin duuba Yotaam obboleessa ifii Abiimelek waan sodaateef gara qachaa «Be'eer» jedhamuu baqatee achi le'e. \s1 Abiimelekii Fi Namoota Sheekemii \p \v 22 Abiimelek haga woggaa sadii Israa'eloota bulche. \v 23 Achiin duuba Waaqi, ayyaana hamaa ka Abiimelekii fi worra Sheekemii wolitti kaasu erge; worri Sheekemiille Abiimelek irratti ka'e. \v 24 Marroo dhiiga ilmaan Giidewonii torbaatamaa, ka dhangala'ee, Abiimelekii obboleeyyan ifii ijjeesee fi akka inni obboleeyyan ifii ijjeesu ka isa jajjabeesse, worra Sheekemii haluu bayiisaaf Waaqi tana godhe. \v 25 Tanaaf worri Sheekemii Abiimelek irratti ka'ee, qaccee gaaraa irratti namoota riphanee isa eeganu keyanee, namooti sun worra karaa san taru duudii saamane. Abiimelekille waan kana mara dhage'e. \p \v 26 Achiin duuba ilmi Ebeedii Ga'aal obboleeyyan ifii woliin gara qachaa Sheekemii dhufe; worri Sheekemiille isatti addii godhatane. \v 27 Isaan duudiin gara fichaa woynii ifii dhaqanee, midhaan woyni'ii guuratanee daadhii woyni'ii cunfanee jila jilifatane. Achiin duuba isaan gara galma waaqa ifii seenanee nyaatanee unanee Abiimelek abaarane. \v 28 Ilmi Ebeedii Ga'aal, «Nuuti worri sheekemii ka isa tajaajillu, Abiimelek eennu inni? Inni ilma Giidewonii, Zebulille ajajaan isaa gadii, namoota sanyii Hamoorii abbaa Sheekemii worra tajaajilanee motii? Nuuti maaf isa tajaajilla ree? \v 29 Kolbaa tana ka sooressu adoo na te'e Abiimelekiin, ‹Loltoota teeti mara waammadhuutii, bayii loli› jedhee, barcumaa isaa irraa isa hin buusaayyu» jedhe. \p \v 30 Zebul bulchaan qachaa sanii, waan ilmi Ebeedii Ga'aal jedhe yennaa dhage'e, aaree bobe'e. \v 31 Inni Abiimelekii Arumaa keessa jirutti malaan namoota ergee, «Ilmi Ebeedi Ga'aalii fi obboleeyyan isaa gara qachaa Sheekemii dhufanee, namoota qacha'aa si irratti kakkaasaneeran; \v 32 Tanaaf amma, atii fi loltooti teeti halkaniin baya'aatii, fichaa keessatti ripha'aa eega'a. \v 33 Boru ganama yennaa aduun baatu, qachaa san ariiti'iin ilaala'a. Ga'aalii fi namooti isaa isin loliisaaf yennaa gad bayanu, haga dandeettane lola'a» jedhe. \p \v 34 Maarre Abiimelekii fi loltootii isaa duudiin halkaniin ka'anee, golii afuritti qoodamanee, qachaa Sheekemii biratti riphanee eegane. \v 35 Ilmi Ebeedii Ga'aal bayee, seensuma karra qacha'aa keessa dhaabbateeruun yennaa dhaggane, Abiimelekii fi loltooti isaa addee riphaneeranuu bayane. \v 36 Ga'aal yennaa isaan dhagge, Zebuliin, «Ilaal! Kolbaan qaccee gaaraa irraa gad bu'iisatti jirti» jedhe. \p Zebulille isaan, «Gaaddisa gaarota irraatitti kolbaa sitti fakkaate» jedhe. \p \v 37 Ammalle Ga'aal, «Ilaal! Kolbaan hidha gaaraa irraa gad bu'iisatti jirti; goliin tokko ammoo, karaa qilxaa worra moruutiin dhufiisatti jirti» jedhe. \p \v 38 Achiin duuba Zebul isaan, « ‹Akka isa tajaajilluuf Abiimelek eennu inni?› jettee ka ati bookkitte amma meet ree? Worri ati tuffatte isaan kanaa motii? Amma gad bayiitii isaan woliin loli» jedhe. \v 39 Maarre Ga'aal worra Sheekemii sooressaa gad bayee, Abiimelek woliin lole. \v 40 Abiimelek Ga'aal ari'e; Ga'aalille isa dura dheete; haga seensuma karra qacha'aa bira geyanutti worri hedduun madowanee jigane. \v 41 Abiimelek Arumaa keessa le'e; Zebulille Ga'aalii fi obboleeyyan isaa qachaa Sheekemii keessa akka hin leene ari'ee baase. \p \v 42 Boruyyaa ganama worri Sheekemii gara fichaa ifii akka dhaqaaranu Abiimelek dhage'ee, \v 43 loltoota ifii fudhatee, golii saditti qoodee, fichaa keessatti riphee isaan eege. Inni namooti qachaa keessaa bayaaranuun yennaa dhagge, addee riphee ka'ee isaan ijjeese. \v 44 Abiimelekii fi goliin isa woliin jirtu, seensuma karra qacha'aa eegiisaaf ariifatanee bayanee balbala seensuma karra qacha'aa san dura dhaabbatane; goliin lama hattelle, namoota fichaa keessa jiranu maratti fiiganee ijjeesane. \v 45 Abiimelek guyyaa guutuu qachaa san lole; inni qachaa san qabatee; kolbaa qachaa san keessa jirtulle ijjeese; inni qachaa san diigee, soodda itti facaase. \p \v 46 Worri xelleephoo qachaa Sheekemii keessaa duudiin, yennaa waan kana dhage'ane, kushee galma Ba'aal-beriitii keessa seenane. \v 47 Abiimelekille akka isaan achitti wolitti qabamane dhage'e. \v 48 Tanaaf inni loltoota isa woliin jirtu mara woliin gara gaara Zaalmonii ol bayee; agaraa fudhatee damee mukaa muree, gurmuu ifiititti kaafate. Achiin duuba worra isa gula deemuun, «Ariifadha'aatii waan ani godhuun dhaggitane, isinille ariifadha'aatii akkasuma godha'a» jedhe. \v 49 Maarre nami marti damee mukaa muree, Abiimelek gula deeme; damee mukaa san kushe'etti irkisanee tuulanee, namooti adoo kushee san keessa jiranuu ibiddaan gubane; tanaaf worri xelleephoo Sheekemii keessa jiru duudiille, dhiirtii fi dubartooti gara kuma tokkoo du'ane. \p \v 50 Achiin duuba Abiimelek gara qachaa Tebezii dhaqee, qachaa san marsee qabate. \v 51 Qachaa san keessa xelleephoon jadduun takka waan jirtuuf, worri qachaa sanii dhiirtii fi dubartiin marti, sooressitooti martinuu gara xelleephoo sanii baqatanee seenane; balbalalle gara keessaatiin ifitti cufatanee, xelleephoo irra ol bayane. \v 52 Abiimelek adoo loluu xelleephoo san bira geyee, ibiddaan gubiisaaf gara seensuma xelleephoo sanii dhikaate. \v 53 Dubartiin takka ammoo, ilmaachuu daaku'uu mataa Abiimelekiititti qolaansitee, buqqii mataa isaa buttuchite. \v 54 Yoosuma inni, dargaggeessa meya isaa ka woraanaa ba'ateeru waamee, «Akka kolbaan, ‹Dubartii takkatti isa ijjeese› akka naan hin jenne, shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi» jedheen. Tanaaf dargaggeessi shallaaga'aan hordee isa ijjeese. \v 55 Israa'elooti Abiimelek akka du'e yennaa dhaggane, isaan martinuu gara mana ifii deemane. \p \v 56 Waaqi akka kanaan, yakkaa Abiimelek obboleeyyan ifii torbaatama ijjeesiisaan, abbaa ifii yakkeef gatii isaaf kenne. \v 57 Akkasuma Waaqi hammeenna kolbaa Sheekemiille, mataa isaaniititti deebisee, abaarsi Yotaamii ilma Giidewoniille isaan dhaqqabe. \c 10 \s1 Tola'aa Fi Yaa'iir \p \v 1 Abiimelek du'een duuba, akaakoon Dodoo ilmi Phuwaa Tolaan nami gosa Yisaakorii, ka biyya Efreemii koobittii keessa addee, «Sahaamir» jedhantu le'u, Israa'el bilisa baasiisaaf ka'e. \v 2 Inni woggaa diddamii sad Israa'eloota bulche; achiin duuba du'ee Shaamiiritti awwaalame. \s1 Yaa'iir \p \v 3 Tolaan du'een duuba Yaa'iir sanyiin Giil'aadii ka'ee, woggaa diddamii lama Israa'eloota bulche. \v 4 Yaa'iir ilmaan soddoma ta harree soddoma irra teettee deentu qabaayyu; isaan lafa Giil'aadii keessatti qachoota soddoma qabaniiyyu; qachooti sun haga adhaalle olloota Yaa'iirii jedhamanee waamaman. \v 5 Yaa'iir du'ee addee «Qaamon» jedhantutti awwaalame. \s1 Amoonoti Israa'eloota Cunqursane \p \v 6 Israa'elooti ammalle, waaqota Ba'aaliitii fi Ashitaarotii, waaqota Aaramii, waaqota Sidoonii, waaqota Mo'aabii, waaqota Amoonotaatii fi Filisxeemotaa waaqonfatiisaan, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujanee, isa waaqonfatiisa lakkisane. \v 7 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elootatti aaree, harka worra Filisxeemotaatii fi Amoonotaatitti dabarsee isaan kenne. \v 8 Worri Amoonotaatii fi Filisxeemotaa, woggaa kudhanii saddeeti, Israa'eloota laga Yordaanosiitiin gama biyya Amoorotaa lafa Giil'aadii keessa le'anu cunqursane. \v 9 Worri Amoonotaa kolbaa Yihuda'aa, kolbaa Beniyaaminiitii fi kolbaa Efreemii loliisaaf laga Yordaanosii gamatti waan bu'aneef, kolbaan Israa'elii guddoo rakkatte. \p \v 10 Achiin duuba Israa'elooti, «Si Waaqa keenna lakkinnee, waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan si yakkineerra» jedhaa gara Mootii Waan Maraa iyyane. \p \v 11 Mootiin Waan Maraa isaaniif deebisee, «Worri Gibxi'ii, worri Amooniitii fi worri Filisxeemotaa, \v 12 worri Sidoonii, worri Amaaleqiitii fi worri Maa'onii yennaa isin cunqursane, isin gara kiyya iyyitanee, anille isaan jalaa isin baaseeraayyu. \v 13 Isin ammoo na lakkittanee, waaqota dhibii waaqonfattane; tanaaf ani haganaa achi isin hin baasu. \v 14 Dhaqa'aatii, gara waaqota filattanee iyyadha'a; yennaa isin rakkatane isaan isin baasanuu ti» jedhe. \p \v 15 Kolbaan Israa'elii ammoo Mootii Waan Maraa, «Nuuti cubbuu hunyeera; ati waanuma feete nu godhi; adha ammoo maganne'e nu baasi» jedhane. \v 16 Maarre isaan waaqota orma odduu ifiitii balleessanee, Mootii Waan Maraa waaqonfatane; Mootiin Waan Maraalle rakkinna Israa'elootaa dhaggee guddoo gadde. \p \v 17 Achiin duuba worri Amoonii lolaaf waamamanee, Giil'aad keessatti qubatane; Israa'elootille wolitti qabamanee qachaa Miispha'aa keessa qubatane. \v 18 Sooressitooti kolbaa Giil'aadii, «Nami dursee worra Amoonii loliisaa jalqabu, worra Giil'aad keessa le'u mara irratti sooressaa te'uu ti» wol woliin jedhane. \c 11 \s1 Yiftaa \p \v 1 Yiftaan Giil'aadichi, ilmi dubartii sagaagaltittii takkaa, loltuu janna. Abbaan isaalle Giil'aad. \v 2 Haati manaa Giil'aadiille ilmaan deetteetiif; isaan yennaa guddatane obboleessa ifii Yifta'aan, «Ati dubartii dhibii irraa waan dhalatteef, mana abbaa keennaa keessaa waan tokko hin dhaaltu» jedhanee manaa ari'ane. \v 3 Tanaaf Yiftaan obboleeyyan ifii biraa baqatee, lafa «Xoob» jedhantu keessa le'e. Achitti namooti boru-hinbeenneen isa biratti wolitti qabamanee isa gula deemane. \p \v 4 Yennaa diqqo'oon duuba, worri Amoonii Israa'eloota lole. \v 5 Yennaa worri Amoonii Israa'eloota lolane, jaarsoleen Giil'aadii Yiftaa biyya Xoobiitii deebisanee fidiisaaf dhaqane. \v 6 Isaan Yifta'aan, «Worra Amoonii akka lolluuf, koyiitii ajajaa woraanaa nu'uuf te'i» jedhane. \p \v 7 Inni ammoo deebisee isaaniin, «Isin na jibbitanee, mana abbaa kiyyaatii na hin ariinee? Amma yennaa rakkattane maaf gara kiyya dhuttan ree?» jedhe. \p \v 8 Isaan deebisanee, «Ati nu woliin duultee worra Amoonii akka loltuuf, nu worra Galii'aad keessa le'u mara irralle'etti sooressa akka teetuuf gara keeti dhunne» jedhane. \p \v 9 Yoftaan jaarsolee Giil'aadiitiin, «Worra Amoonii loliisaaf isin biyyatti yoo na deebittane, Mootiin Waan Maraalle harka kiyyatti dabarsee yoo isaan kenne, ani sooressaa keessan hin te'aa ree?» jedhe. \p \v 10 Isaan deebisanee, «Akkuma ati jette godhiisaaf, Mootiin Waan Maraa ragaa keenna» jedhane. \v 11 Maarre Yiftaan jaarsolee Giil'aadii woliin dhaqee, kolbaalle sooressaa fi ajajaa woraanaa isa godhatte. Yiftaalle dubbii ifii tana mara fuula Mootii Waan Maraa duratti, qachaa Miispha'atti itti deebi'ee dubbate. \p \v 12 Achiin duuba Yiftaan gara mootii worra Amooniititti namoota ergee, «Ati biyya tiyya keessatti na loliisaaf ka dhutteef, anii fi ati maan wol irraa qanna?» jedhee gaafachiise. \p \v 13 Mootichi worra Amoonii deebisee ergantoota Yifta'aatiin, «Israa'elooti biyya Gibxiitii yennaa bayane, lafa tiyya laga Aaronii irraa haga laga Yaaboqii, haga laga Yordaanosiille waan fudhataneef, amma nageyaan naaf deebisa'a» jedhe. \p \v 14 Yiftaan ammalle gara mootii worra Amoonii ergantoota ergee, \v 15 «Israa'elooti lafa worra Mo'aabii yookiin lafa worra Amoonii hin fudhanne. \v 16 Israa'elooti biyya Gibxiitii yennaa bayane, goomolee keessa gara Abbaayaa Diintu'uu dhaqanee, gara Qedeeshii dhufane. \v 17 Achiin duuba isaan mooticha Edoomiititti ergantoota erganee, ‹Lafa teeti keessa akka dabarruuf nuuf eeyyam› jedhane; mootiin Edoomii ammoo didate. Isaan mootii Mo'aabiille'etti ergane; innille dide; tanaaf Israa'elooti Qedeesh turane. \v 18 Achiin duuba goomolee keessa deemanee, lafa Edoomiitii fi lafa Mo'aabii irra maranee dhaqanee, lafa Mo'aabii irraa gara aduun baatu geyanee, laga Aarnoniitiin gamatti qubatane; lagi Aarnonii meessaa lafa mo'aabii waan te'eef, isaan lafa mo'aabii dhaqiisaaf laga san gamatti hin buune. \v 19 Achiin duuba Israa'elooti, gara Sihoonii mootii Amoorotaa ka qachaa Heshiboonii keessa tee'ee bulchetti ergantoota erganee, ‹Gara biyya teennaa, lafa teeti keessa akka dabaru nuuf eeyyam› jedhaneen. \v 20 Sihoon ammoo akka Israa'elooti lafa isaa keessa dabaranuuf hin addanne; maarre loltoota ifii mara wolitti qabatee, addee ‹Yaahaz› jedhantutti qubatee isaan lole. \v 21 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, Sihoonii fi loltoota isaa mara harka Israa'eliititti dabarsee kennee, isaanille isaan injifatane; maarre Israa'el lafa Amoorotaa ka worra achi keessa le'uu mara qabatte. \v 22 Isaan biyya Amoorotaa duudii, laga Aarnonii irraa haga laga Yaaboqiitii fi goomolee irra haga laga Yordaanosiititti qabatane. \v 23 Eega Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii worra Amoorotaa kolbaa ifii duraa ari'ee baase, ati amma ariitee isaan baasuu feetaa ree? \v 24 Ati lafa waaqi keeti Kemoshi siif kenne qabattee hin teettuu ree? Nuutille lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu'uuf kenne mara qabannee hin leena. \v 25 Ati amma mootii Mo'aabii, ilma Ziphoorii, Baalaaq hin caaltaa ree? Inni Israa'eloota woliin wol dhabeeraa? Yookiin isaan woliin wol loleeraa? \v 26 Israa'elooti qachaa Heshibooniitii fi ollaa qachaa sanii mara, qachaa Aro'eriitii fi ollaa qachaa sanii mara, qachoota qarqara Aarnonii jiru mara keessalle woggaa dhibba sad le'aneeraniiyyu; isin yennaa san keessa qachoota san deebittanee maaf fudhatuu dhaddane ree? \v 27 Ani si hin yakkine; ati ammoo woraana natti kaasiisaan na yakkiteerta. Mootiin Waan Maraa abbaan mura'aa, Israa'elootaaf yookiin worra Amooniitiif adha muruu ti» jedhe. \v 28 Mootiin worra Amoonii ammoo ergaa Yiftaan itti erge san woyittuu hin laakkonne. \p \v 29 Achiin duuba Ayyaanni Mootii Waan Maraa Yiftaa irratti bu'e; Yiftaalle biyya Giil'aadiitii fi biyya Minaase'ee keessa qaxxaamuree, qachaa Miisphaa biyya Giil'aadii keessa dabaree worra Amoonii lole. \v 30 Yiftaan Mootii Waan Maraatiif waadaa galee, «Worra Amoonii harka kiyyatti dabarsitee yoo kennitte, \v 31 ani yennaa worra Amoonii injifadhee deebi'ee dhufu, na fudhatiisaaf nama mana kiyya keessaa dursee gad bawu si Mootii Waan Maraatiif hin kenna; ciincaalle godhee siif hin dhikeessa» jedhe. \p \v 32 Achiin duuba Yiftaan worra Amoonii loliisaaf lagaan gamatti bu'ee deeme; Mootiin Waan Maraalle isaan harka isaatitti dabarsee kenne. \v 33 Yiftaan qachaa Aro'erii irraa jalqabee haga adaala Miiniitii fi haga qachaa Abeel-Karamiimitti qachoota diddama balleesse; maarre worri Amoonii harka Israa'elootaa jala galane. \s1 Intala Yifta'aa \p \v 34 Yiftaan gara mana ifii Miispha'atti yennaa deebi'e, intalti isaa dibbee fudhattee sirbaa, isa fudhatiisaaf gad baate; isiin isaaf intala takkaa qofa; inni isii malee ilma yookiin intala dhibii hin qabuuyyu. \v 35 Yennaa isii dhaggelle gaddee woyaa ifii tarsaasee, «Hayii intala tiyya! Guddoo na gaddisiittee, na laaleffachiitte; Mootii Waan Maraatiif waadaa waan galeef, waadaa gale san diiguu hin dande'u» jedhe. \p \v 36 Isiille, «Abbaa kiyya! Mootiin Waan Maraa diinota keeti worra Amoonii haluu waan si'iif bayeef, waan waadaa galte na irratti muummessi» jette. \v 37 Isiin ammalle abbaa ifiitiin, «Waan tokko callaa naaf eeyyam: Ani ijjumaa waan hin heeruminiif, dhaqee gaara irratti hari'oota tiyya woliin asii fi achi deddeebi'ee, durrummaa tiyyaaf akka bowu ji'a lama naaf kenni» jette. \v 38 Innille, «Dhaqi» jedhee, ji'a lamaaf isii erge. Isi'ii fi hari'ooti isi'ii, isiin waan ijjumaa hin heeruminiif durrummaa isi'iitiif gaara irratti bowane. \v 39 Ji'a lamaan duuba gara abbaa ifii deebitee dhutte; innille waadaa Mootii Waan Maraatiif gale isii irratti muummesse; isiin durra duuddu'u. \p Guyyaa saniin jalqabee tun Israa'el keessatti aadaa teetee, \v 40 durri Israa'elii wogguma wogga'aan bayanee, guyyaa afuriif intala Yiftaa Giil'aadichaatiif gaddan. \c 12 \s1 Yifta'aa Fi Worra Efreemii \p \v 1 Worri Efreemii loltoota ifii waammatanee, gara qachaa Zaafonii gamatti bu'anee, Yifta'aan, «Akka nuuti si woliin deennu adoo nu hin waamin, ati worra Amoonii loliisaaf maaf dhaxxe? Adoo ati keessa jirtuu, nuuti mana keeti ibiddaan si irratti hin gunna» jedhane. \p \v 2 Yiftaan ammoo isaaniin, «Anii fi kolbaan tiyya, worra Amoonii woliin akka malee yennaa wol lolle, ani isin waameeraayyu; isin ammoo harka isaanii jalaa na hin baanne. \v 3 Akka isin na baasaa hin jirre yennaa dhagge, lubbuu tiyya adoo hin mararfatin isaan loliisaaf meessaa qaxxaamuree dhaqe; Mootiin Waan Maraalle harka kiyyatti isaan dabarsee kenne; maarre isin adha maaf na loliisaaf dhuttane ree?» jedhe. \v 4 Achiin duuba Yiftaan worra Giil'aadii duudii wolitti qabatee, worra Efreemii lole; worri Efreemii worra Giil'aadiitiin, «Isin worri Giil'aadii, worra Efreemii irraa baqattanee, wodhakkaa worra Efreemiitii fi Minaase'ee leetan» waan jedhaneef, isaan lolane. \v 5 Worri Giil'aadii malkaa laga Yordaanosii ka worri Efreemii bu'u duudii qabate. Worra Efreemii keessaa nami baqatu tokko «Gamatti bu'a» jedhee yoo gaafate, worri Giil'aadii, «Ati sanyii Efreemiitii?» jedhanee isa gaafatan; inni, «Waawwo'o!» yoo jedhe, \v 6 isaan, «Shibolet» jedhi jedhaniin. Inni sirreessee jecha kana jedhiisa waan hin dandeenneef, «Sibolet» jedha. Achiin duuba isaan, isa hudhanee malkaa laga Yordaanosiititti isa ijjeesan; yennaa san worra Efreemii keessaa, namoota kuma afurtamii lamatti ijjeefame. \p \v 7 Yiftaan Giil'aadichi woggaa ja kolbaa Israa'elii bulcheen duuba du'ee, qachaa ifii ka Giil'aad keessaatitti awwaalame. \s1 Ibzaan, Eloonii Fi Abdoon \p \v 8 Yiftaan du'een duuba, Ibzaan nami Betlihemii Israa'eloota bulche. \v 9 Ibzaan ilmaan soddomaa fi ijoollee durraa soddoma qabaayyu. Inni ijoollee durraa ifii soddoma gosa ormaatitti heerumsiisee, ijoollee durraa soddoma ta gosa ormaa ilmaan ifii fuusise. Ibzaan woggaa torba kolbaa Israa'elii bulchee, \v 10 achiin duuba du'ee, Betlihemitti awwaalame. \p \v 11 Ibzaan du'een duuba, Eloon nami sanyii Zebuloonii woggaa kudhan Israa'eloota bulchee, \v 12 achiin duuba du'ee, lafa Zebuloonii keessa qachaa Ayaloniititti awwaalame. \p \v 13 Eloon du'een duuba, nami qachaa Phiiraatonii, ilmi Hiilelii Abdoon Israa'eloota bulche. \p \v 14 Abdoon ilmaan afurtamaa fi akaakota soddoma, ta harree torbaatama irra teettee deentu qabaayyu. Inni woggaa saddeeti kolbaa Israa'elii bulche. \v 15 Achiin duuba Abdoon du'ee, biyya koobittii Amaaleqootaa keessatti, lafa Efreemiititti Phiiraaton keessatti awwaalame. \c 13 \s1 Dhalatiisa Samsoonii \p \v 1 Kolbaan Israa'elii ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; tanaaf Mootiin Waan Maraa woggaa afurtama akka isaan bulchanuuf, harka worra Filisxeemotaatitti dabarsee isaan kenne. \p \v 2 Bara san sanyii Daanii keessaa nami «Maano'aa» jedhamu, ka qachaa Zora'aa keessa le'u tokko jiraayyu; haati manaa isaa maseena waan teeteef ijoollee hin deenne. \v 3 Ergamaan Mootii Waan Maraa isi'itti mudhatee, «Ati maseena waan teeteef, ijoollee hin deenne; ammoo ati ulfoottee ilma hin deetta. \v 4 Tanaaf daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu yookiin waan battii tokkolle nyaatiisa irraa ifi eegadhu. \v 5 Ati ulfoottee ilma dhiiraa hin deetta; mucaan sunille guyyaa dhalateen jalqabee Waaqaaf ka adda baye waan te'uuf, rifeensa mataa isaa ijjumaa hin haadin; inni Israa'eloota harka worra Filisxeemotaa jalaa baasiisa hin jalqaba» jedhe. \p \v 6 Achiin duuba dubartittiin gara abbaa manaa ifii dhaxxee, «Nami Waaqaa ka bifi isaa ergamaa Waaqaa fakkaatu, ka guddoo sodaachisu tokko gara kiyya dhufe; ani eessaa akka inni dhufe isa hin gaafanne; innille maqaa ifii natti hin hinne. \v 7 Inni ammoo anaan, ‹Ati ulfoottee ilma hin deetta; mucaalle guyyaa dhalateen jalqabee haga du'utti Naazireticha ka Waaqaaf adda baye waan te'uuf, daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu hin unin, yookiin waan battii tokkolle hin nyaatin› jedhe» jetteen. \p \v 8 Achiin duuba Maano'aan, «Maganne'e Gootta'a, nami Waaqaa sun deebi'ee gara keenna dhufee, Yennaa mucaan dhalatu waan nuuti isaaf goonu akka nutti himu godhi» jedhee Mootii Waan Maraa daadimate. \p \v 9 Waaqille daadimata Maano'aa dhage'e; ergamaan Waaqaa ammalle dubartiin sun fichaa keessa teetteertuun itti mudhate; abbaan manaa isi'ii Maano'aan ammoo isii woliin hin jiruuyyu. \v 10 Maarre isiin isatti himiisaaf, ariifattee gara isaa rukkittee, «Kunoo, namichi gaafa kaan qara gara kiyya dhufe kuun, ammalle natti mudhate» jette. \p \v 11 Maano'aan ka'ee haadha manaa ifii gula deemee, gara namichaa dhaqee, «Nami haadha manaa tiyya woliin dubbate si'ii?» jedhee gaafate. \p Namichille, «Ee, ana» jedhee deebise. \p \v 12 Achiin duuba Maano'aan, «Dubbiin teeti yennaa muummottu, seerri mucaan ittiin bulu, wonni nuuti isaaf godhiisaaf malle maan?» jedhee gaafate. \p \v 13 Ergamaan Mootii Waan Maraalle deebisee, «Haati manaa teeti, akka isiin gootuuf waan ani itti hime mara, ifi eegatiisaan gootuu ti. \v 14 Isiin waan midhaan woyni'ii irraa hujamu mara akka hin nyaanne, daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu akka hin unne, yookiin waan battiille akka hin nyaanne; waan ani isii ajaje kana mara gootuu ti» jedhe. \p \v 15 Maano'aan ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Buruusoo re'ee tokko qallee haga siif qopheessinu, maganne'e diqqoo turi» jedhe. \v 16 Ergamaan Mootii Waan Maraa sun Maano'aan, «Ati yoo na tursitelle, ani sagalee teeti hin nyaadhu. Ciincaa dhikeessiisa yoo barbaadde ammoo, Mootii Waan Maraatiif dhikeessi» jedhe. Maano'aan akka inni ergamaa Mootii Waan Maraa te'e hin beenne. \p \v 17 Achiin duuba Maano'aan ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Dubbiin teeti yennaa muummottu, ulfinna akka siif kenninu maqaan keeti eennu?» jedhe. \p \v 18 Ergamaan Mootii Waan Maraa ammoo, «Ati maqaa kiyya maaf gaafatta? Maqaan kiyya akka malee kancira» jedhee deebise. \p \v 19 Maano'aan buruusoo re'e'eetii fi kennansa midhaanii fuudhee, rassaa ciincaa irratti dhikeessanu tokko irratti Mootii Waan Maraa ka kancira hujuuf dhikeesse; achiin duuba Maano'aa fi haati manaa isaa adoo ilaalanuu Mootiin Waan Maraa waan kanciraa godhe. \v 20 Bobeenni ibiddaa addee ciinca'aa irraa gara ol-gubba'aa yennaa ol bawu, ergamaan Mootii Waan Maraa bobe'a ibiddaa keessa gara ol-gubba'aa ol baye. Maano'aa fi haati manaa isaa tana dhagganee, fuulaan lafatti gad gombifamane. \v 21 Ergamaan Mootii Waan Maraa deebi'ee Maano'aa fi haadha manaa isaatitti hin mudhanne; achiin duuba Maano'aan namichi sun ergamaa Mootii Waan Maraa akka te'e beeke. \p \v 22 Maano'aan haadha manaa ifiitiin, «Nuuti Waaqa waan dhaggineef, dhugumaan hin duuna» jedhe. \p \v 23 Haati manaa isaa ammoo deebittee, «Waaqi adoo nu ijjeesuu barbaadee jiraate, ciinca'aa fi kennansa midhaanii keenna hin fudhatuuyyu; inni waan kana duudii nu'utti hin mudhisuuyyu yookiin waan akkasii kana amma nu'utti hin himuuyyu» jetteen. \p \v 24 Dubartiin sun ilma deettee, maqaa isaa «Samsoon» jettee baatte. Mucaan guddatee, Mootiin Waan Maraalle isa eebbise. \v 25 Samsoon qachaa quttuma Daanii keessa adoo jiruu, Zora'aa fi Eshtaa'ol wodhakka'atti Ayyaanni Mootii Waan Maraa isa kakkaasuu jalqabe. \c 14 \s1 Fuudha Samsoonii \p \v 1 Gaafa tokko Samsoon gara qachaa Tiimna'aa dhaqee, achitti intala Filisxeemotaa takka dhagge. \v 2 Inni gara manaa deebi'ee abba'aa fi haadha ifiitiin, «Qachaa Tiimna'aatitti intala Filisxeemotaa takka dhaggeera, na fuusisa'a» jedhe. \p \v 3 Abba'aa fi haati isaa ammoo, «Ati worra Filisxeemotaa ka haqanqabaa hin qabannee keessaa niitii fuudhiisaaf ka dhaxxu, fira keeti keessa yookiin kolbaa teenna mara keessa durri hin jirtuu?» jedhanee gaafatane. \p Inni ammoo abbaa ifiitiin, «Isiin ilatti waan na tolteef na fuusisa'a» jedhe. \p \v 4 Yennaa san worri Israa'el bulchu worra Filisxeemotaa waan te'aneef, Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaa irratti lola kaasuu waan barbaadeef tun akka teete, worri isaa hin beenne. \p \v 5 Tanaaf Samsoon abba'aa fi haadha ifii woliin gara qachaa Tiimna'aa gad bu'e; isaan addee woynii Tiimna'aa yennaa geyane, neenqi dardarri tokko dhangaa dhowaa dedhuma gara isaa dhufe. \v 6 Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon Samsoon irratti bu'ee, innille harka duwwa'aan, akka ilmee re'e'eetitti neenqa san gargar kukkute. Inni ammoo waan tolche san abba'aa fi haadha ifiititti hin hinne. \p \v 7 Achiin duuba dhaqee intala woliin dubbate; isiille jaalate. \v 8 Guyyoota diqqa'aan duuba Samsoon isii fuudhiisaaf deebi'ee adoo dhaquu, neenqa ijjeese san ilaaliisaaf itti gore; reeffa neenqaa keessatti kinniisi itti qubatee, dammille keessa jiruun dhagge; \v 9 inni damma san harkatti baafatee, nyaataa deeme. Inni gara abba'aa fi haadha ifii yennaa dhufe diqqaa isaa isaaniif kennee, isaanille nyaatane. Inni ammoo damma san reeffa neenqaa keessaa akka baase isaanitti hin hinne. \p \v 10 Abbaan isaa gara intala sanii dhaqee, akkuma aadaa waajibaaf godhanutti, Samsooniif achitti jila qopheesse. \v 11 Worri Filisxeemotaa yennaa isa dhaggane, akka isa woliin turanu bookarsitoota soddoma ergane. \v 12 Samsoon isaaniin, «Hiibboo takka isinitti hiibbifadha; hiibboo tana guyyoota jilaa torba kana keessatti yoo naa hintane, woyaa quncee talba'aa irraa hujante soddomaa fi woyaa adduu soddoma isiniif hin kenna. \v 13 Isin yoo naaf himuu dhaddane ammoo, woyaa quncee talba'aa irraa hujante soddomaa fi woyaa adduu soddoma naaf hin kennitan» jedhe. \p Isaanille, «Hiibbifadhu me, hin dhageenna» jedhane. \p \v 14 Innille \q1 «Ka nyaatu keessaa wonni nyaatanu, \q1 Jabaa keessalle'ee wonni mi'owu baye» jedhe. \m Isaan haga guyyaa sadii hiibboo san himuu hin dandeenne. \p \v 15 Guyyaa torbeesso'oo isaan haadha manaa Samsooniitiin, «Abbaa manaa keeti sossobadhuutii, hiibboo tana akka nuu himu godhi; yoo tana godhuu dhadde, si'ii fi mana abbaa keetii ibiddaan hin gunna; ada isin deega nutti buusiisaaf gara jilaa nu waantanee?» jedhane. \p \v 16 Tanaaf haati manaa ta Samsoonii bowaa gara isaa dhikaattee, «Ada ati na jibbita; ati dhugumaan na hin jaalattu; ati kolbaa tiyyatti hiibboo hiibbifattee, hiikkaa isi'ii ammoo natti hin hinne» jette. \p Innille, «Ilaa! Ani abbaa kiyyaa fi haadha tiyyattuu hin hinne; si'itti maaf hima ree?» jedhe. \v 17 Isiin guyyaa jilaa torba san mara bootte; isiin waan isa rakkitteef, guyyaa torbeesso'oo hiikkaa hiibbo'oo isi'itti hime; isiille kolbaa ifii worra Filisxeemotaatitti hinte. \v 18 Namooti qachaa keessaa, guyyaa torbeesso'oo, adoo aduun hin seenin Samsooniin, \q1 «Damma caalaa ka mi'owu, \q2 neenqa caala ka jabaatu maanti jira ree?» jedhane. \m Samsoonille deebisee, \q1 «Raada tiyyaan adoo qotuu dhaddanee jiraattane, \q2 hiikkaa hiibboo tiyyaa hin dhaggattanuuyyu» jedhe. \p \v 19 Achiin duuba Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon Samsoon irratti bu'ee, Samsoon gara Ashiqalonii gad dhaqee, namoota soddoma ijjeesee, woyaa isaanii irraa mulqee, worra hiibboo himeef kenne. Saniin duuba guddoo aaree gara mana abbaa ifii deebi'e; \v 20 haadha manaa isaalle bookarsitoota guyyaa fuudha isaa keessaa, jaala isaa heerumsiisane. \c 15 \p \v 1 Yennaa diqqo'oon duuba yennaa qamadiin haammantu Samsoon buruusoo re'e'ee takka fudhatee, haadha manaa ifii ilaaluu dhaqee, «Gara kolloo haadha manaa tiyyaa ol seenuu barbaada» jedhe. \p Abbaan isi'ii ammoo akka inni ol seenu hin eeyyanne. \p \v 2 Abbaan isi'ii Samsooniin, «Ani dhugumaan waan ati isii jibbite seyee, jaala keeti heerumsiise; obboleettiin isi'ii maandhittiin isii caalaa miidhaddu'uu motii? Addee isi'ii isii fuudhi» jedhe. \p \v 3 Samsoon deebisee isaaniin, «Ani haganaa achi worra Filisxeemotaa yennaa miidhe, hin komatamu!» jedhe. \v 4 Maarre inni dhaqee jeedala dhibba sad qabee, lamaan lamaan godhee eegee isaanii wolitti hidhe; eegee lamaan lamaan isaanii wodhakka'atti xassaa tokko tokko hidhe. \v 5 Achiin duuba xassaa sanitti ibidda qassiisee, jeedaloota san gara fichaa Filisxeemotaa ka qamadii hin haamamin keessa gad lakkisee, midhaan tuula'aatii fi ka hin haamaminii, akkasuma muka woyni'iitii fi ejersaa gube. \v 6 Worri Filisxeemotaa, «Eentu waan kana godhe» jedhanee yennaa gaafatane, jarri takka, «Abbaan sodda'aa ka Samsoonii nami qachaa Tiimna'aa, haadha manaa Samsoonii jaaluma isaa waan heerumsiiseef, Samsoonitti tana godhe» jette. Tanaaf worri Filisxeemotaa dhaqee, haadha manaa Samsooniitii fi abbaa isi'ii ibiddaan gubanee ijjeesane. \p \v 7 Samsoon isaaniin, «Eega isin tana gootane, anille haluu tiyya isin bawu malee hin lakkisu» jedhe. \v 8 Inni akka malee isaan lolee, nama hedduu fixe. Achiin duuba inni gad dhaqee, goda rassaa Etaamii keessa ture. \s1 Samsoon Worra Filisxeemotaa Injifate \p \v 9 Worri Filisxeemotaa ol bayanee, lafa Yihuda'aa keessa qubatanee, qachaa Lehii lolane. \v 10 Namooti Yihuda'aa isaaniin, «Isin maaf nu loliisaaf dhuttanne?» jedhanee gaafatane. \p Isaan deebisanee, «Samsoon qannee hiinee, waan inni nu godhe, nuutille isa godhiisaaf dhunne» jedhane. \v 11 Achiin duuba namooti Yihuda'aa kum sad gara goda rassaa Etaamiititti gad bu'anee Samsooniin, «Worri Filisxeemotaa bulchitoota teenna akka te'ane hin beettu? Wonni ati nutti hujje kun maan?» jedhane. \p Inni deebisee, «Waan isaan na godhane, anille isaan godhe» jedhe. \p \v 12 Isaanille, «Nuuti qannee si hiinee, worra Filisxeemotaatitti dabarsinee si kenniisaaf asi dhunne» jedhaneen. \p Samsoon deebisee, «Isinummaan akka na hin ijjeenne naaf kakadha'a» jedhe. \v 13 Isaan, «Nuuti qannee si hiinee, worra Filisxeemotaatitti kennina malee, si hin ijjeennu» jedhane. Maarre isaan wodaroo haareya lamaan isa hidhanee, goda rassa'aa keessaa baasane. \p \v 14 Samsoon gara qachaa Lehiititti yennaa dhikaate, worri Filisxeemotaa hogisaa gara isaa dhufe. Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon isa irratti bu'ee, wodaroon harki isaa ittiin hidhameeru sun, akka liilana ibiddi gubee, baxxee harka isaa irraa buute. \v 15 Achiin duuba Samsoon a'oo harree reef duutee takka dhaggee, gad jedhee fuudhee, namoota kuma tokko a'oo saniin ijjeese. \p \v 16 Achiin duuba Samsoon, \q1 «A'oo harre'eetiin, ani wol irratti isaan tuulee, \q2 a'oo harre'eetiin ani namoota kuma tokko ijjeese» jedhe. \p \v 17 Inni tana dubbatee fixeen duuba, a'oo harre'ee san gate. Tanaaf maqaan addee sanii, «Raamat Lehii»\f + \fr 15:17 \fr*\fqa Raamat Lehii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Kooba a'o'oo \ft*\ft jechu'u.\ft*\f* jedhantee waamante. \p \v 18 Achiin duuba Samsoon guddoo dheebotee, gara Mootii Waan Maraa iyyee, «Ati injifachaa guddaa kana ana garbicha keetiif kenniteerta; ani amma dheebu'uun du'aa ree? Worra haqanqabaa hin qabanneen booji'amaa ree?» jedhe. \v 19 Achiin duuba Waaqi balee Lehii keessa jirtu banee, bisaan keessaa madde. Samsoon yennaa bisaan san une, ayyaanni isaa deebi'eef bayyanate. Maarre maddi sun, «En-Haaqoree\f + \fr 15:19 \fr*\fqa En-Haaqoree: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Madda nama Waaqa waammatuu \ft*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhamee haga adhaa qachaa Lehii keessatti beekkama. \p \v 20 Bara worri Filisxeemotaa biyya bulchanu keessa, Samsoon woggaa diddamaaf Israa'eloota irratti abbaa mura'aa te'e. \c 16 \s1 Samsoonii Fi Deliilaa \p \v 1 Gaafa tokko Samsoon gara qachaa Gaaza'aa dhaqee, dubartii sagaagaltittii takka dhaggee, isii woliin buliisaaf gara isi'ii seene. \v 2 Worri qachaa Gaaza'aa, «Samsoon as dhufeera» jechuu dhage'anee, adaala san marsanee, halkan guutuu karra qachaa sanii eegaa bulane; isaan, «Yennaa latti bariitu isa hin ijjeenna» jedhanee, halkan guutuu riphanee isa eegaa bulane. \v 3 Samsoon ammoo haga halkan wodhakka'aa qofa rafe; achiin duuba ka'ee, cufanaa karra qacha'aa, mikikkila lamaanii fi danqaraa duudii bubuqqisee, gurmuu ifii irratti kaafatee, haga kooba Kebrooniin dura jirtuutitti ol baase. \p \v 4 Saniin duuba Samsoon dubartittii Deliilaa jedhantu, ta dhooqa Sooreqii keessa leetu takka jaalate. \v 5 Moototi Filisxeemotaa shanan gara isi'ii dhaqanee, isi'iin, «Samsoon sossobiitii, wonni guddoo isa jabeessu maan akka te'ee fi nuutille attam goonee isa hiinee ifiin jala galfatiisa akka dandeennu nuu gaafadhu. Nuuti tokko tokkoon keenna, meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko sii hin kennina» jedhane. \p \v 6 Maarre Deliilaan Samsooniin, «Maganne'ee waan akkana guddoo si jabeessuu fi nami tokko si hidhee ifiin jala si galfatiisa attam akka dande'u natti himi?» jette. \p \v 7 Samsoon deebisee, «Teepha jiidhaa torbaan yoo na hidhane, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe. \p \v 8 Achiin duuba bulchitooti Filisxeemotaa teepha jiidhaa torba, Deliila'atti fiddee, isiille Samsoon hiite. \v 9 Yennaa san namooti kolloo manaa keessatti riphanee eegiisatti jiranuun, isiin, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane!» jette; inni ammoo akkuma liilanni yennaa ibiddi tuqu ciccitu, teepha san kukkute. Tanaaf isaan hunni isaa eessaa akka dhuttu hin beenne. \p \v 10 Deliilaan Samsooniin, «Ilaa! Ati na gowwisiittee, soba natti dubbatte; maganne'ee attam akka si hidhuu dande'anu natti himi!» jetteen. \p \v 11 Inni isi'iin, «Wodaroo haareya ta itti hin fayyadaminiin yoo na hidhane, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe. \p \v 12 Maarre Deliilaan wodaroo haareya fuutee isa hiite; achiin duuba namoota kolloo manaa keessatti riphanee eegiisatti jiranuun, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane» jette. Inni ammoo irree ifiitiin, wodaroo san akka liilanaa kukkute. \p \v 13 Deliilaan Samsooniin, «Ilaa! Ati haga ammaa na gowwisiittee, soba natti dubbatte; attam akka si hidhuu dande'anu natti himi!» jetteen. \p Inni isi'iin, «Guduruu rifeensa mataa kiyyaa torbaan liilana woliin footee gudunfitee, shikaala'atti yoo hiite, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe. \p \v 14 Achiin duuba Deliilaan adoo inni rafeeruu, guduruu rifeensa mataa isaa liilana woliin footee, gudunfitee, shikaala'atti hiitee, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane!» jette. Inni ammoo hirriibaa dammaqee, togaa liilanaa fi guduruu rifeensa mataa ifii woliin buqqise. \p \v 15 Maarre isiin Samsooniin, «Gadhaan keeti na bira adoo hin jiraatin, attam si jaaladha naan jetta ree? Ati yennaa sad na soddee, waan guddoo si jabeesselle natti hin hinne» jette. \v 16 Tanaaf isiin guyyuma guyya'aan isa gaafatiisaan, du'a haga halchutti isa ko'itte. \v 17 Dhuma irratti inni, «Ani gadhaa haadha tiyyaatii jalqabee Naazireticha Waaqaaf adda baye waan te'eef, rifeensi mataa kiyyaa haadamee hin beeku; yoo haadame akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhee waan gadhaa ifii mara itti hime. \p \v 18 Deliilaan akka inni dhugaa itti hime yennaa hubatte, gara bulchitoota Filisxeemotaa ergitee, «Inni dhugaa waan natti himeef, yennaa takkaa deebi'a'aa kowa'a» jette. Isaanille beesee qabatanee gara isi'ii dhufane. \p \v 19 Deliilaan Samsoon gudeeda ifii irra raffittee, nama tokko waantee guduruu rifeensa mataa isaa torbaanuu akka haadu goote, isa rakkisuu jalqadde; innille jabeenna ifii dhabe. \v 20 Achiin duuba isiin, «Samsoon! Filisxeemoti sitti dhufane» jetteen; Innille hirriiba irraa yennaa dammaqee, «Akkuma qaraa ifi irraa kukkutee gad baya» jedhee yaadate. Inni ammoo akka Mootiin Waan Maraa isa lakkiseeru hin beenne. \v 21 Maarre worri Filisxeemotaa isa qabanee, ila isaa lamaanuu keessaa baasane. Isaan gara Gaaza'aa gad isa geessanee wodaroo sageettu'uutiin hidhanee, mana hidha'aa san keessatti akka midhaan daaku godhane. \v 22 Rifeensi mataa isaa ka haadame ammoo, deebi'ee guddatiisa jalqabe. \s1 Du'a Samsoonii \p \v 23 Bulchitooti Filisxeemotaa, «Daagon waaqi keenna, diinaa keenna Samsoon harka keenna keessa galcheera» jedhanee, jila jilifatanee, Daagonii waaqa ifiitiif ciincaa guddoo dhikeessiisaaf wolitti qabamane. \v 24 Isaan yennaa Samsoon dhaggane, waaqa ifii leellifatanee, «Ka biyya teenna balleessee, ka nama hedduu nu duraa ijjeese diina keenna, waaqi keenna harka keennatti dabarsee kenneera» jedhane. \v 25 Gadhaan isaanii yennaa guddoo gammade, «Samsoon dhufee akka nu taphachiisu, isa waama'a» jedhane; maarre isaan mana hidha'aa keessaa Samsoon waansisane; innille isaaniif taphate; isaan akka inni odduu utuba'aa dhaabbatu godhane. \v 26 Samsoon mucaa harka isaa qabee isa qajeelchuun, «Utubaa galma utubeeru qabadhee, itti irkadhee dhaabbadhuu ti» jedhe. \v 27 Manni sun dhiiraa fi dubarti'iin guutameeraayyu; bulchitooti Filisxeemotaalle marti achi jiran; heellichoo\f + \fr 16:27 \fr*\fqa Heellichoo: \fqa*\ft Heellichoon mana worra sanii gubbaan isi'ii diriira waan teeteef nami hedduun irra tee'uu dande'an.\ft*\f* mana sanii irra dhiiraa fi dubartiin gara kuma sadii tapha Samsoon taphatu ilaaliisatti jiraniiyyu. \p \v 28 Achiin duuba Samsoon, «Ee Goottaa Mootii Waan Maraa! Maganne'ee na qaabadhu; Waaqa kiyya, worra Filisxeemotaa ka ila tiyya lamaan na keessaa baasane, haluu tiyya akka bawuuf, takkuma qofa hunna na jabeessi» jedhee Mootii Waan Maraa daadimate. \v 29 Maarre Samsoon utuboota lamaan wodhakka'aa ka galma utubeeru, utubaa tokko harka middaatiin, utubaa kaan harka bita'aatiin jabeessee qabee, \v 30 «Ani worra Filisxeemotaa woliin du'uu ti!» jedhee, hunna ifii guutu'uun yennaa dhiibe, manni bulchitoota Filisxeemotaatii fi worra achi jiru duudii irratti jige. Samsoon adoo jiruu worra ijjeeseen irra, gaafa du'e worra ijjeesetti caala. \p \v 31 Achiin duuba obboleeyyan isaatii fi maatiin isaa marti gad dhaqanee, reeffa isaa fuudhanee, awwaala abbaa isaa Maano'a'aa ka Zora'aa fi Eshtaa'ol wodhakkaa jirutti awwaalane. Samsoon woggaa diddama Israa'eloota irratti abbaa mura'aa te'e. \c 17 \s1 Waaqota Dharaa Ka Miikaan Huje \p \v 1 Biyya koobittii Efreemii keessaa, namichi «Miikaa» jedhamu tokko jiraayyu. \v 2 Inni haadha ifiitiin, «Meetiin kumi tokkoo fi dhibbi tokko si duraa yennaa hatante, ati nama si duraa hate abaartuun dhage'eera; kunoo, meetiin sun harka kiyya jirti; ka fudhatelle ana» jedhe. \p Haati isaalle, «Ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa si eebbisu» jetteen. \v 3 Inni meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko san deebisee, haadha ifiitiif kenne; haati isaalle, «Abaarsi kiyya si ilma kiyya akka hin dhaqqanne, aninuu meetii tana Mootii Waan Maraatiif adda baasa; waaqota dharaa muka irraa bocamee, meeti'iin gonfamulle'eef hin teeti; tanaaf meetii tana deebisee si'ii hin kenna» jetteen. \v 4 Maarre yennaa inni meetii san haadha ifiititti deebisee kenne, isiin meetii san irraa dhibba lama fuutee, namicha meetii bassu ka muka bocee waaqa dharaa hujee, meetii itti gonfutti kennite; fakkii sanille mana Miika'aa keessa keyane. \p \v 5 Namichi «Miikaa» jedhamu kun galma waaqota ifii itti waaqonfatu qabaayyu; inni woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi fakkii waaqotaa hujee, ilmaan ifii keessaa tokko akka hayyuu isaaf te'u file. \v 6 Yennaa san Israa'el keessa mootiin waan hin jirreef, nami martinuu waanuma fedhe godhaayyu. \p \v 7 Yennaa san dargaggeessi sanyii Lewwi'ii, ka gosa Yihuda'aa te'e, biyya Yihuda'aa keessa ka qachaa Betlihemii keessa le'u tokko jiraayyu. \v 8 Namichi kun qachaa Betlihemii biyya Yihuda'aa keessaa lakkisee addee dhibii itti le'u barbaadatiisaaf adoo deemuu, gara mana Miika'aa ka biyya koobittii Efreemii keessa dhufe. \v 9 Miikaan, «Eessaa dhutte?» jedhee isa gaafate. \p Innille deebisee, «Ani sanyii Lewwi'ii ti; biyya Yihuda'aa qachaa Betlihemii keessaa addee dhibii itti le'u barbaadatiisaaf dhufe» jedhe. \v 10 Achiin duuba Miikaan isaan, «Na bira tee'i; abbaalle, hayyuulle naaf te'i. Ani wogga'atti meetii kudhan, sagale'ee fi woyaalle si'iif hin kenna» jedhe. \v 11 Maarre dargaggeessichi sanyii Lewwi'ii sun, Miikaa woliin tee'iisaaf wolii galee, akka ilma isaa isaaf te'e. \v 12 Miikaan dargaggeessicha Lewwicha san hayyuu godhate; innille mana Miika'aa tee'e. \v 13 Miikaalle, «Nami sanyii Lewwi'ii hayyuu kiyya waan te'eef, Mootiin Waan Maraa waan dansaa akka naaf godhu hin beeka» jedhe. \c 18 \s1 Miika'aa fi Sanyii Daanii \p \v 1 Yennaa san Israa'el keessa mootiin hin jiru; gosi Daanii haga bara saniititti gosa Israa'elii oddu'utti lafa ifii waan hin dhaggatiniif, lafa keessa le'anu barbaadatiisatti jiraniiyyu. \v 2 Maarre kolbaan Daanii fira ifii ka qachaa Zora'aatii fi Eshtaa'olii keessaa, namoota jajjaba shan filanee, lafa dooyanee akka qorqoranuuf ergane. Namooti ergamane sun ka fira ifii mara bakka bu'eeru. Isaan, «Dhaqa'aatii, lafa san qorqora'a» jedhanee isaanitti himane. \p Isaan gara biyya koobittii Efreemii, gara mana Miika'aa yennaa dhufane, achi bulane. \v 3 Isaan Mana Miika'aa adoo jiranuu, dargaggeessicha sanyii Lewwi'ii san haasowa isaatiin isa beekanee, gara isaa garagalanee, «Eentu as si fide? Maan asii hujja? Maaf as dhutte?» jedhanee gaafatane. \p \v 4 Inni waan Miikaan isaaf godhe isaanitti himee, «Miikaan na qaxaratee, ani hayyuu isaa te'eera» jedheen. \p \v 5 Achiin duuba isaan, «Yaadi nuuti deemiisatti jirru kun, ka nu'uuf guutaaruu fi guutuu dhabaaru akka te'e, maganne'ee Waaqa nu'uuf gaafadhu» jedhaneen. \p \v 6 Hayyichi deebisee, «Yaadi isin deentanu kun Mootii Waan Maraa duratti fudhatama'a; nageyaan dhaqa'a» isaaniin jedhe. \p \v 7 Maarre namooti shanan sun achii ka'anee, gara qachaa Laa'iishii dhaqanee, worri qachaa sanii akkuma worra Sidoonii nageyaa fi bidhaa malee akka le'anu dhaggane; latti isaanii waan mara waan qadduuf, isaan dureeyyi'i; worri qachaa sanii worra Sidoonii irraa fagaatee le'a; namoota dhibii wolille'een wolitti hin dhufanu. \p \v 8 Namooti shanan sun gara qachaa Zoraatii fi Eshtaa'olii yennaa deebi'ane, namooti isaanii, «Wonni isin dhaxxaneef maan teete?» jedhanee isaan gaafatane. \v 9 Isaan deebisanee, «Latti guddoo dansaa akka teete dhaggineerra. Ka'a'a itti duullee lollaa! Cadhittanee as hin tee'ina'a! Ariifadha'aa dhaqa'aatii biyya san qabadha'a. \v 10 Yennaa achi geettane namoota bidhaa malee le'anu hin dhaggitan; biyyi sun badho'o; wonni marti achi keessatti dhagganti; Waaqi biyya san isiniif kenneera» jedhane. \p \v 11 Tanaaf gosa Daanii keessaa, namooti dhibbi jaa meya woraanaa hidhatanee, qachoota Zora'aatii fi Eshtaa'olii keessaa bayanee deemane. \v 12 Isaan ol bayanee, biyya Yihuda'aa keessa qachaa Kiriiyat-Ya'ariimii gara aduun seentutti qubatane; tanaaf addeen sun haga adhaa quttuma gosa Daanii jedhanti. \v 13 Achille'ee dabaranee, gara biyya koobittii Efreemii dhaqanee, gara mana Miika'aa dhufane. \p \v 14 Achiin duuba namooti shanan, ka biyya adaala qachaa Laa'iishii dooyiisaaf dhaqane namoota ifiitiin, «Manoota kana keessaa tokkocha keessa, waaqi dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaan hayyumma'aa ta qomaa, fakkiin waaqota dharaa ta dhibiille akka jirtu hin beettanuu? Tanaaf amma maan akka gootanu yaadadha'a» jedhane. \v 15 Maarre gara mana Miika'aa, addee dargaggeessi gosa Lewwi'ii le'u dhaqanee, nageya isa fuudhane. \v 16 Yennaa san namooti Daanii worri dhibbi jaa meya woraanaa hidhatanee, seensuma karraa bira dhaabbataneeraniiyyu. \v 17 Dargaggeessichi hayyichi sun, namoota dhibba jaa ka meya woraanaa hidhatane woliin seensuma karraa bira adoo dhaabbatee jiruu, worri shanan dooyu sun gara mana Miika'aa seenee, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, fakkii waaqota dharaa ta dhibiille fuudhane. \p \v 18 Isaan mana Miika'aa seenanee, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, fakkii waaqota dharaa ta dhibiille yennaa fuudhane, hayyichi, «Isin maan godhaartan?» jedhee gaafate. \p \v 19 Isaan, «Cadhisi! Afaan keeti qabadhu; nu woliin koyiitii abba'aa fi hayyuu nuu te'i. Maatii nama tokkootiif hayyuu te'iisaa mannaa, gosaa fi balbala Israa'elii tokkoof hayyuu te'uu si'iif hin woyyuu?» jedhaneen. \v 20 Wonni kun hayyicha guddoo waan gammachiitteef, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfamee fi waaqotaa dharaa ka dhibiille fuudhee isaan woliin deeme. \p \v 21 Isaan ijoollee ifii, horii ifiitii fi qabeenna ifii ifiin dura aansanee, deebi'anee deemane. \v 22 Namooti Daanii mana Miika'aa biraa fagaataneen duuba, Miikaan ollaa ifii wolitti waamee, hordofanee isaan dhaqqabanee, \v 23 itti iyyane. Namooti Daaniille gara isaanii garagalanee Miika'aan, «Ati namoota kana mara wolitti qaddee wonni dhutteef, haajaan keeti maan?» jedhanee gaafatane. \p \v 24 Miikaan deebisee, «Isin hayyicha kiyyaa fi waaqota ani hujadhe fudhattanee deentane; maanti naa hafe? Attam ‹Haajaan keeti maan?› naan jettan?» isaaniin jedhe. \p \v 25 Namooti Daanii dhufane Miika'aan, «Namooti kun aaranee si lolanee, lubbuu teetii fi maatii teetii akka hin dhanne ‹Xi'i› hin jedhin» jedhane. \v 26 Achiin duuba worri Daanii karaa ifii deemane; Miikaan worri Daanii isa caalaa jajjaboo akka te'ane yennaa dhagge, gara mana ifii deebi'ee deeme. \p \v 27 Worri Daanii waaqota Miikaan hujatee fi hayyicha isaaf tajaajilu isa duraa fudhatanee, gara qachaa Laa'iishii dhufanee, kolbaa nageyaa fi bidhaa malee leetu shallaaga'aan ijjeesanee, qachaa sanille gubane. \v 28 Kolbaan qachaa Laa'iishii, Sidoon irraa fagoo dhooqa Bet-Rehoobii keessa waan leetuu fi namoota qachaa dhibi'ii wolille'een wolitti waan hin dhunneef, nami isaan baasu hin dhagganne. \p Worri Daanii qachaa san deebisee ijaaree achi keessa le'e. \v 29 Isaan maqaa qacha'aa ka durii Laa'iishi jijjiiranee, maqaa abbaa isaanii ka durii ilma Yaaqoobiitiin, «Daan» jedhanee moggaasane. \v 30 Worri Daanii waaqota san waaqonfatiisaaf achitti dhaabbachiisane; ilmi Minaase'ee Gershoom ka uumate Yonaataan, worra Daaniitiif hayyuu te'ee tajaajiliisa jalqabe; sanyiin isaalle haga yennaa kolbaan booji'anteetitti hayyoota teete tajaajilte. \v 31 Haga bara Galmi Waaqaa Shiiloo keessa turetti, kolbaan Daanii waaqota dharaa ka Miikaan huje san achi dhaabbachiifatane. \c 19 \s1 Lewwichaa Fi Gursumeettittii Isaa \p \v 1 Bara Israa'el mootii hin qanne sanitti, nami gosa Lewwi'ii ka biyya koobittii Efreemii keessa moggaa le'u tokko jiraayyu; inni Betlihemii biyya Yihuda'aa keessaa gursumeettii takka fuudhe. \v 2 Gursumeettiin isaa sun ammoo sagaagaltee, gara mana abbaa ifii ka Betlihemii biyya Yihuda'aa keessa jirutti deebitee, ji'a afur achi turte. \v 3 Achiin duuba abbaan manaa isi'ii sheshelatee\f + \fr 19:3 \fr*\fqa Sheshelatee: \fqa*\ft Shosholatee yookiin sossobate.\ft*\f* isii galfatiisaaf tajaajilaa ifiitii fi harree lama fudhatee dhaqe; yennaa inni achi geye isiin gara manaa isa seensitte; abbaan isi'iille gammadaan isa fudhate. \v 4 Abbaan isaa ka sodda'aa, abbaan isi'ii akka inni achi turu godhe; maarre inni nyaataa unaa guyyaa sad achi ture. \v 5 Gaafa guyyaa arfeesso'oo, barii ganamaan ka'anee deemiisaaf qophowane. Abbaan sodda'aa ammoo dhirsa intala ifiitiin, «Jabaattee akka deentuuf, qara wo nyaadhu» jedhe. \p \v 6 Maarre namooti lamaanuu sun tee'anee nyaatanee unane; achiin duuba abbaan sodda'aa dhirsa intala ifiitiin, «Maganne'ee, adhalle asuma buliitii gammadi» jedhe. \p \v 7 Lewwichi sun galiisaaf yennaa ka'e, abbaan sodda'aa isaa ammoo, akka inni buluuf uttise; maarre inni halkan san achi bule. \v 8 Gaafa guyyaa shaneesso'oo barii ganama deemiisaaf ka'e; abbaan sodda'aa ammoo, «Maganne'e wo nyaadhu; aduu qabbaneeffattee deenta» jedhe. Tanaaf abbaan sodda'aatii fi dhirsi intalaa sun woliin nyaatane. \p \v 9 Namichi Lewwi'ii sun gursumeettii ifiitii fi tajaajilaa ifii woliin deemiisaaf yennaa ka'e, abbaan sodda'aa isaa, «Kunoo amma isinitti dhi'aarti; ammumaayyuu dukkanowiisatti jirti; edana asuma bula'aatii gammada'a; boru barii ganamaan kaatanee gara mana keessanii deentan» jedhe. \p \v 10 Lewwichi sun ammoo halkan san achi buluu hin barbaanne; tanaaf inni, gursumeettii ifii, tajaajilaa ifiitii fi harree ifii ta kooraan itti fe'ame lama woliin ka'ee deeme; yennaa latti dhiite fuullee Yibusii geyane. Yibuusiin kun qachaa, «Yerusaalem» jedhamu. \v 11 Yennaa isaan Yibus geyane latti itti dhiite; tajaajilaalle goottaa ifiitiin, «Koy, gara qachaa Yibusootaa kana gorree bulla» jedhe. \p \v 12 Goottaan isaa ammoo, «Lakkii dabarree qachaa Giibe'aa dhandha malee, qachaa ormaa ka Israa'elooti keessa hin jirretti hin gorru. \v 13 Koy, gara qachaa Giibe'aa yookiin gara qachaa Raama'aa dhikaannee, isaan keessaa tokko keessa bulla» jedhe. \v 14 Tanaaf Yibus irra dabaranee deemanee, qachaa Giibe'aa biyya Beniyaamiititti yennaa dhikaatane, aduun seente. \v 15 Isaan qachaa Giibe'aa buliisaaf itti gorane; Lewwichi sun badhinna qacha'aa keessa tee'e; ammoo nami tokkolle isaan bulchiisaaf gara mana ifii isaan hin fudhanne. \p \v 16 Adoo inni achi jiruu, jaarsi biyya koobittii Efreemii irraa dhufee, ka qachaa Giibe'aa keessa le'u tokko, hujii fichaa ifii irraa dhufe; kolbaan addee sanii ammoo, sanyii Beniyaaminii ti. \v 17 Jaarsi sun nama badhinna qacha'aa tee'eeru tokko dhaggee, «Eessaa dhutte? Eessa dhaqaarta ree?» jedhee gaafate. \p \v 18 Lewwichi sun deebisee, «Nuuti Betlihemii biyya Yihuda'aa irraa gara biyya koobittii Efreemii irraa moggaa jirtu, addee irraa dhufetti gara mana kiyyaatii fi gara mana Mootii Waan Maraa deemiisatti jirra; asitti nami gara mana ifii fudhatee na bulchu hin jiru. \v 19 Nuuti tajaajiltooti teeti harree teennaaf okeyaa fi hicaacee, naaf, gursumeettii tiyyaa fi tajaajilaa kiyyaaf daabbo'oo fi daadhii woyni'ii qanna; tana caalaa womaa hin barbaannu» jedhe. \p \v 20 Jaarsille, «Koy mana kiyya buli; ani waan si'iif barbaachisu mara hin kenna; badhinna keessa ammoo hin bulin» jedhe. \v 21 Maarre inni gara mana ifii isaan fudhatee, harree isaaniitiif okeya kenne. Keessumootille miila ifii dhiqattee, nyaattee unte. \p \v 22 Adoo isaan gammadiisatti jiranuu, qachaa keessaa namooti nama bukkoonsanu dedhuma mana san marsanee, balbala tumiisa jalqabane. Isaan jaarsicha abbaa manaatiin, «Namicha mana keeti keessa jiru, akka bukkoonsinu gad nuu baasi» jedhane. \p \v 23 Jaarsichi ammoo gad bayee, «Jaalota tiyya! Lakkisa'a! Namichi kun keessummaa tiyya waan te'eef, waan hantuu akkasii hin hujina'a! \v 24 Gursumeettiin namichaatii fi intalti tiyya ta durraa kunoo ti! Isaan isiniif gad baasa, waan feetane isaan godha'aatii, itti taphadha'a. Nama kana irratti ammoo waan hantuu hin godhina'a!» jedhe. \v 25 Namooti ammoo dubbii isaa caqasuu didane; tanaaf Lewwichi gursumeettii namichaa gad baasee kenneef; halkan guutuu hunnaan isii woliin rafanee, itti taphataa bulanee, yennaa boruun dayya'u akka deentuuf lakkisane. \p \v 26 Dubartittiin sun ganama boruun yennaa dayya'u, addee abbaan manaa isi'ii bule mana jaarsichaa bira dhuttee jiddee, haga latti bariitutti achi turte. \v 27 Abbaan manaa isi'ii ganama ka'ee deemiisaaf balbala yennaa banu, gursumeettiin isaa gulantaa balbalaa irratti harka ifii badhifattee jiddeertuun dhaggee, \v 28 «Ka'i ideenna!» jedheen; ammoo deebii hin dhagganne; achiin duuba reeffa isi'ii harree irratti fe'ee gara mana ifii deeme. \v 29 Inni yennaa mana ifii geye, billowa fudhatee, reeffa gursumeettii ifii addee kudhanii lamatti kukkutee, kutaa biyya gosa Israa'elii maratti tokko tokko erge. \v 30 Worri waan kana dhagge duudiin, «Nuuti waan akkasii dhageennee hin beennu! Israa'elooti biyyaa Gibxi'ii keessaa haga bayanee jalqabee, wonni akkasii tokkolle teetee hin beettu yookiin dhaggantee hin beettu! Marroo waan kanaa itti yaadadha'a, mari'adha'aatii waan goonu nutti hima'a» jedhane. \c 20 \s1 Israa'elooti Sanyii Beniyaaminii Lolte \p \v 1 Kolbaan Israa'elii qachaa Daanii ka gara kaabaa irraa haga Bersheebaa gara kibbaa, akkasuma qachaa Giil'aadii ka gara aduun baatuu jiru duudiin, yaada tokkochaan qachaa Miispha'aatitti Mootii Waan Maraa duratti wolitti qabante. \v 2 Sooressitooti kolbaa gosa Israa'elii duudiin, yaa'ii kolbaa Waaqaa loltoota miilaa kuma dhibba afur ta shallaagaa hidhatteertu keessatti dhaggamane. \v 3 Sanyiin Beniyaamii gosi Israa'elii duudiin Miispha'atti akka wolitti qabamane dhage'ane. \p Israa'elootille, «Wonni hantuun tun attamiin akka teete nutti hima'a» woliin jedhane. \v 4 Namichi Lewwichi abbaan manaa, ka dubartii ijjeefantee sun deebisee, «Anii fi gursumeettiin tiyya qachaa Giibe'aa ka biyya Beniyaaminii keessaa buliisaaf dhunne. \v 5 Halkan san namooti Giibe'aa balaa natti buusiisaaf, mana ani keessa jiru halkaniin marsanee, na ijjeesiisaaf barbaadane; gursumeettii tiyya hunnaan woliin rafanee, isiille duute. \v 6 Isaan waan hantuu fokkisiittuu akkasii waan hujaneef, ani reeffa isi'ii fuudhee kukkutee, gara kutaa biyya gosa Israa'elii tokko tokkottuu erge. \v 7 Maarre amma isin Israa'elooti duudiin, mari'adha'aatii murteessa'a» jedhe. \p \v 8 Kolbaan duudiin yaada tokkochaan kaatee, «Nu keessaa nami tokkolle gara dunkaana ifii yookiin gara mana ifii hin deebi'in. \v 9 Amma ammoo wonni nuuti goonu, qachaa Giibe'aa irratti hixa'aan duulla. \v 10 Israa'el keessatti waan fokkisiittuu hujaneef, kolbaa qachaa Giibe'aa ta biyya Beniyaaminii keessaa adabiisaaf, loltoota duulanuuf galaa akka dhikeessanu, gosa Israa'elii mara keessaa namoota dhibba keessaa kudhan, kuma tokko keessaa dhibba tokko, kuma kudhan keessaa kuma tokko hin qopheessina» jedhane. \v 11 Maarre namooti Israa'elii duudiin yaada tokkoon qachaa san loliisaaf wolitti qabamane. \p \v 12 Gosi Israa'elii gara gosa Beniyaamii namoota erganee, «Wonni hantuun namooti gariin odduu teessanitti hujane kun maan? \v 13 Amma namoota waan hantuu akkasii hujanee Giibe'aa keessa jiranu qaba'aatii nutti kenna'a; nuuti isaan ijjeennee, hujii hantuu tana Israa'el keessaa balleessina» jedhane. Worri Beniyaaminii ammoo waan Israa'elooti obboleeyyan isaanii isaanitti himane hin fudhanne. \v 14 Worri Beniyaaminii qachoota ifii keessaa wolitti qabamanee, Israa'eloota loliisaaf gara qachaa Giibe'aa dhufane. \v 15 Guyyaa san worri Beniyaaminii loltoota dhibba torba ka filamanee qachaa Giibe'aa keessa jiranu adoo hin dabalatin, qachoota ifii keessaa loltoota kuma diddamii jaa ka shallaagaa hidhatane wolitti qabane. \v 16 Loltoota tana keessaa namooti dhibbi torba bitaatticha; isaan looyya'aan dhakaa rifeensa tokkotti yoo qolaansanu irraa hin qabanu\f + \fr 20:16 \fr*\fqa Irraa hin qabanu: \fqa*\ft Yookiin irraa hin gorsan.\ft*\f*. \v 17 Israa'elooti gosa Beniyaaminii adoo hin dabalatin, loltoota kuma dhibba afur ta shallaagaa hidhatte lolaaf baasane. \s1 Lola Gosa Beniyaaminii Irratti ka'e \p \v 18 Israa'elooti gara qachaa Bet'elii ol bayanee, «Gosa Beniyaaminii loliisaaf nu keessaa gosa tamitti dura aana?» jedhanee Waaqa gaafatane. Mootiin Waan Maraa, «Gosi Yihuda'aa dura aantuu ti» jedhee deebise. \p \v 19 Achiin duuba Israa'elooti boruyyaa ganama ka'anee, qachaa Giibe'aa biratti qubatane. \v 20 Isaan loltoota Beniyaaminii loliisaaf bayanee, fuullee qachaa Giibe'aatitti addee qabatane. \v 21 Guyyuma san loltooti Beniyaaminii qachaa keessaa bayanee, loltoota Israa'elii kuma diddamii lama ijjeesane. \v 22 Israa'elooti ammoo wol jajjabeessanee, addee ifii ta guyyaa qaraa qabatanetti ammalle addee qabatane. \v 23 Israa'elooti dhaqanee haga galgalaatitti Mootii Waan Maraa duratti bowanee, «Nuuti ammalle obboleeyyan teennaa Beniyaaminoota loliisaaf hin duullaa ree?» jedhanee gaafatane. Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Ee, dhaqa'aatii lola'a» jedhe. \v 24 Maarre guyyaa lammeesso'oo gosa Beniyaaminiititti duulane. \v 25 Worri Beniyaaminiille guyyaa lammeesso'oo san isaan loliisaaf qachaa Giibe'aatii bayanee, loltoota Israa'elii keessaa loltoota shallaagaa hidhatte kuma kudhanii saddeeti ijjeesane. \v 26 Achiin duuba kolbaan Israa'elii duudiin gara Bet'elii ol baatee, achitti Mootii Waan Maraa duratti teettee bootte; guyyaa san haga galgalaatitti laantee, ciinca'aa fi woreega nageyaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessite. \v 27-28 Bara san saanduqi gondooroo Waaqaa achi waan jiruuf, akaakoon Aaronii, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas Saanduqa Gondooro'oo san dura dhaabbatee tajaajilaayyu; Israa'elootille «Obboleeyyan teenna worra Beniyaaminii loliisaaf ammalle hin dhandha moo hin lakkinna?» jedhanee Mootii Waan Maraa gaafatane. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani boru harka keessanitti dabarsee isaan waan kennuuf, dhaqa'aa lola'a» jedhe. \p \v 29 Achiin duuba Israa'elooti, loltooti adaala Giibe'aatitti riphanee akka eeganu godhane. \v 30 Guyyaa sadeesso'oo, Israa'elooti worra Beniyaaminii loliisaaf ol bayanee, akkuma qaraa fuullee qachaa Giibe'aatitti addee qabatane. \v 31 Worri Beniyaaminiille Israa'eloota loliisaaf yennaa bayane, qachaa irraa ari'anee fageessanee, akkuma qaraa karaa gara Bet'elii ol baasuu fi gara qachaa Giibe'aa geessu irratti loluu jalqabanee, Israa'eloota soddoma diida keessatti ijjeesane. \v 32 Worri Beniyaaminii, «Nuuti akkuma qaraa Israa'eloota injifatiisatti jirra» jedhanee yaadane. \p Israa'elooti ammoo, «Gara duubaa baqatanee qachaa irraa fagaatanee kara'atti akka bayanu isaan goona» jedhane. \v 33 Maarre loltooti Israa'elii duudiin gara duubaa addee, «Ba'aal Taamaar» jedhantutti addee qabatane; loltooti qachaa Giibe'aa gara aduun seentutti riphaneeranu ori'anee bayane. \v 34 Israa'eloota mara keessaa loltooti kuma kudhan filamanee, qachaa Giibe'aa loliisaaf dhufane; lolli sunille lola jaba'a. Worri Beniyaaminii ammoo badiin akka isaanitti dhikaatte hin hubanne. \v 35 Mootiin Waan Maraa Israa'elooti worra Beniyaaminii akka injifatanu godhe. Israa'elootille guyyaa san loltoota Beniyaaminii ta shallaagaa hidhatte kuma diddamii shanii fi dhibba tokko ijjeesane. \v 36 Achiin duuba worri Beniyaaminii akka injifatame hubate. \p Israa'elooti loltoota ifii worra adaala qachaa Giibe'aatitti akka riphanu goote waan addatteef, worra Beniyaaminiitiif addee lakkitte. \v 37 Loltooti riphaneeranu ariiti'iin gara qachaa Giibe'aa ori'anee, namoota qachaa keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane. \v 38 Worri Israa'elootaa loltoota riphane woliin qachaa keessaa beessisa duumensa aaraa akka ol kaasanu, wolii galtee godhaneeraniiyyu. \v 39 Achiin duuba worri Israa'elii lola irraa duubatti deebi'ane; worri Beniyaaminii ammoo Israa'eloota soddoma waan ijjeesaneeranuuf, «Akkuma lola qaraa nuuti isaan injifatiisatti jirra» jedhanee yaadan. \v 40 Te'uu malee duumensi aaraa qachaa keessaa yennaa ol ka'iisa jalqabe, worri Beniyaaminii ifiin duuba garagalanee, aarri qachaa duudi'ii gara gubba'aa ka'uun dhaggane. \v 41 Achiin duuba Israa'elooti deebi'anee lolane; worri Beniyaaminiille badii isaanitti dhikaatte waan dhagganeef bararaqane. \v 42 Tanaaf isaan Israa'eloota duraa gara goomole'ee gula baqatane; te'uu malee loltoota Israa'elii jalaa bayiisaaf hin dandeenne; worri qachaa keessaa gad bayiisatti jiru wodhakka'atti isaan ijjeesane. \v 43 Loltooti Israa'elii worra Beniyaaminii marsanee, haga addee qachaa Giibe'aa irraa gara aduun baatu jirtuutitti isaan ari'ane fixane. \v 44 Loltooti Beniyaaminii worri jajjabaan marti kum kudhanii saddeeti ijjeefamane. \v 45 Yennaa isaan gara goomole'ee gula rassaa Rimooniititti baqatane, loltooti Israa'elii karaa irratti namoota kuma shan isaan keessaa ijjeesane; haga Giidomiititti ari'anee namoota kuma lama dabalanee ijjeesane. \v 46 Guyyaa san loltooti Beniyaaminii worri jajjabaan shallaagaa hidhatane kum diddamii shan dhumatane. \p \v 47 Namooti dhibbi jaa ammoo, deebi'anee gara goomole'ee gula rassaa Rimooniititti baqatanee, achitti ji'a afur turane. \v 48 Israa'elooti gara lafa worra Beniyaaminii duubatti deebi'anee, namoota, hori'ii fi waan qachaa keessatti dhaggane mara shallaaga'aan ijjeesane; qachoota itti dhufane maralle ibiddaan gubane. \c 21 \s1 Israa'elooti Gosa Beniyaaminitiif Niitota Kennane \p \v 1 Israa'elooti qachaa Miispha'aatitti wolitti qabamanee, «Nu keessaa nami tokkolle durra ifii gosa Beniyaaminii hin heerumsiisin» jedhanee wol kakachiisaneeraniiyyu. \v 2 Israa'elooti gara Bet'elii dhaqanee, haga galgalaatitti achi tee'anee, Waaqa duratti qoonqoo ol qabatanee wiiccifatanee bowanee, \v 3 «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, wonni kun Israa'el irratti maaf teete? Maaf adha Israa'el keessaa gosi tokko dhabante?» jedhane. \p \v 4 Boruyyaa kolbaan barii kaatee, achitti addee ciinca'aa ijaartee, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa\f + \fr 21:4 \fr*\fqa Kennansa tokkumma'aa: \fqa*\ft Yookiin nageya.\ft*\f* dhikeessite. \v 5 Israa'elooti, «Nami qachaa Miispha'aatitti Mootii Waan Maraa duratti hin dhaggamin hafe ijjeefamuu ti» jedhanee waan wol kakachiisaneeranuuf, «Nuuti Mootii Waan Maraa duratti yennaa wolitti qabanne gosi Israa'elii ka hin dhufin hatte jirtii?» jedhanee wol gaafatane. \v 6 Israa'elooti obboleeyyan ifii gosa Beniyaaminiitiif gaddanee, «Adha Israa'el keessaa gosi takkaan baddeerti. \v 7 Nuuti durra teenna akka isaaniif hin kennine maqaa Mootii Waan Maraatiin waan kakanneerruuf, namoota Beniyaaminii ka hafane kana eessaa niitii fuusinna ree?» jedhane. \p \v 8 Achiin duuba isaan, «Gosa Israa'elii keessaa fuula Mootii Waan Maraa duratti qachaa Miispha'aatitti ka hin dhufin jiraa?» jedhanee wol gaafatane; kunoo qachaa Yaabesh-Giil'aad irraa nami tokkolle gara wol geyi'ii akka dhufee hin jirre hubatane. \v 9 Yennaa kolbaa laakkowane, kolbaa qachaa Yaabesh-Giil'aadii keessa nami tokkolle achi hin jiruuyyu. \v 10 Kanaaf wolde'i sun worra jajjaba keessaa kuma kudha lama erganee, «Gara qachaa Yaabesh-Giil'aadii dhaqa'aatii worra achi le'u dubartootaa fi ijoolleelle adoo hin hamburin, \v 11 dhiiraa fi dubartoota dhiira woliin ratte duudii ijjeesa'a» jedhanee ajajane. \v 12 Isaan namoota qachaa Yaabesh-Giil'aad keessa le'u duudii keessaa durra dhibba afur dhagganee, gara qachaa Shiilo'oo addee quttuma ifii ta lafa Kana'aanii keessa jirtuu fidane. \p \v 13 Achiin duuba wolde'i duudiin namoota Beniyaaminii worra rassaa Rimoonii keessa jirutti erganee nageenni akka bu'e lassii dabarsane. \v 14 Tanaaf worri Beniyaaminii deebi'ane; Israa'elootille durra Yaabesh-Giil'aad keessaa baraaree hafane, isaan fuusisane. Durri sun ammoo isaan mara hin geenne. \p \v 15 Mootiin Waan Maraa worra Beniyaaminii gosa Israa'elii irraa gargar waan baaseef, kolbaan Israa'elii gosa Beniyaaminiitiif gaddite. \v 16 Maarre sooressitooti wolde'aa, «Gosa Beniyaaminii keessa dubartiin dhibiin waan hin hafiniif, namoota hafane kana eessaa niitii fuusinna ree? \v 17 Gosi takkaan Israa'el keessaa akka hin banne, gosi Beniyaaminii ka isaan dhaalu qabaattuu ti. \v 18 Te'uu malee nuuti, ‹Durra ifii gosa Beniyaaminii ka heerumsiise ka abaarame te'uu ti› jennee waan wol kakachiinnneerruuf, durra teenna isaan hin heerumsiinnu» jedhane. \p \v 19 Achiin duuba isaan, «Kunoo, qachaa Shiilo'oo ka qachaa Bet'elii irraa gara kaabaa, Lebonaa irraa gara kibbaa, karaa qachaa Bet'elii ka gara qachaa Sheekemii geessu irraa gara aduun baatu jirtuutitti, jilti Mootii Waan Maraa wogguma wogga'aan jilifanti» jedhanee yaadane. \v 20 Maarre isaan gosa Beniyaaminiitiin, «Dhaqa'aatii muka woyni'ii keessatti ripha'aatii, \v 21 eega'a; yennaa durri Shiilo'oo jila keessatti sirbiisaaf dhuttu, muka woyni'ii keessaa rukkisa'aa baya'aatii, tokko tokkoon keessanuu durra Shiilo'oo buta'aa niitii godhadha'aatii, gara lafa Beniyaaminii deema'a. \v 22 Abbootiin isaanii yookiin obboleeyyan isaanii dhufanee yoo nutti himatane, nuuti isaaniin, ‹Yennaa lolaa, isaan maraayyuu niitii fuusisiisaaf durra hin dhaggine; isinille durra teessan waan itti hin heerumsiisiniif, yakkaa hin qaddanu; tanaaf nu'uuf jedha'aatii mararti'iin isaan ilaala'a› hin jenna» jedhane. \p \v 23 Worri Beniyaaminii akkuma isaan jedhane godhane; duraa sirbitu san keessaa tokko tokkoon isaaniituu butanee niitii godhatane. Achiin duuba gara lafa ifii deebi'anee, qachootalle deebisanee ijaarratanee keessa qubatane. \v 24 Yennuma san Israa'elooti achii ka'anee, gara gosa gosa ifiitii fi gara maatii maatii ifii, tokko tokkoon isaaniituu gara lafa ifii deebi'ane. \p \v 25 Yennaa san Israa'elooti mootii waan hin qanneef, nami martinuu waanuma fedhe godhaayyu.