\id JAS - Guji Bible \ide UTF-8 \h Ergaa Yaaqoobii \toc1 Ergaa Yaaqoob Erge \toc2 Ergaa Yaaqoobii \toc3 Yaq. \mt1 Ergaa Yaaqoob Erge \imt Seensa \ip Ergaan Yaaqoobii ta qajeelfama leetoo guyyaa guyya'aatiif teetu qabatteertu tun, «Kolbaa Waaqaa ta biyya lafaa duudii irratti bittinnootte maraaf» barreeffante. Barreessaan marroo mala qarummaa hujii irra oolchinuu, marroo waan ilaalchaa fi amala kiristaanaatiif qajeelfama te'uu, dubbii itti fakkeessa'aa ta ifa teete heddu'uun dhikeessa. Marroo hiyyumma'aatii fi durumma'aa, marroo ataabe'ee, marroo amala dansa'aa, marroo hinaaffa'aa, dhugeeffanna'aatii fi hujii dansa'aa, marroo fayida'aa fi miidhaa arrabaa, marroo qarumma'aa, marroo wol loliisaa, marroo kooriisaatii fi ifi gad qabu'uu, marroo namatti muriisaa, marroo ifi jajiisaa, marroo ossatiisaatii fi marroo daadimanna'aa, marroo waan kiristaanoti godhiisaaf malanee tokko tokkoon barreesseera. \ip Ergaan tun haala dhugeeffannaan jiruu kiristaanaa keessatti huji'iin mudhattuu, ifa gootee mudhitti. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1\ior* \io1 Dhugeeffanna'aa fi qarummaa\ior 1:2-8\ior* \io1 Hiyyumma'aa fi durummaa\ior 1:9-11\ior* \io1 Haga ilaallatamu'uu fi ataabamuu\ior 1:12-18\ior* \io1 Jecha Waaqaa dhage'anee hujii irra oolchuu\ior 1:19-27\ior* \io1 Nama wol caalchisuu irraa ifi eeggachiise\ior 2:1-13\ior* \io1 Dhugeeffanna'aa fi hujii\ior 2:14-26\ior* \io1 Kiristaanaa fi arraba isaa\ior 3:1-18\ior* \io1 Kiristaanaa fi biyya lafaa\ior 4:1—5:6\ior* \io1 Gorsa adda addaa\ior 5:7-20\ior* \c 1 \p \v 1 Ana Yaaqoobii tajaajilaa Waaqaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii irraa, gosa kudhanii lama ta biyya lafaa duudi'itti bittinnoottaneef:\x - \xo 1:1 \xo*\xt Mat. 13:55; Mar. 6:3; HuE. 15:13; Gal. 1:19\xt*\x* \p Nageenni isiniif te'u. \s1 Dhugeeffanna'aa Fi Qarummaa \p \v 2 Obboleeyyan tiyya! Haga ilaallatama adda addaatiin ilaallatamuun yoo isinitti dhuttelle, akka gammadaatitti fudhadha'a! \v 3 Sababille haga ilaallatamuun dhugeeffannaa teessanii ciniinnattanee ossiisa akka fidu hin beettan. \v 4 Haga muumme'ee ciniinnattanee ossiis keessan worra bilchaatee fi guutuu te'e, ka dhidhinna hin qanne akka teetanu isin gootuu ti. \p \v 5 Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma'aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna. \v 6 Ammoo adoo hin mamin dhugeeffanna'aan gaafatuu ti; nami mamu akka danbalii abbaaya'aa ta qilleensaan asii fi achi darbantuu ti. \v 7-8 Nami akkasii, ka yaada lamaatii fi karaa maraan raafamaa waan te'eef, Goottaa biraa waan tokkolle hin dhaggadha jedhee hin eegatin. \s1 Hiyyumma'aa Fi Durummaa \p \v 9 Obboleessi gad aanaan, waan Waaqaan ol qabamuuf ifi jajuu ti! \v 10 Durummaalle akkuma daraara'aa waan dabartuuf, obboleessi dureessille yoo Waaqi isa gad qabe ifi jajuu ti! \v 11 Aduun o'a isi'ii ka woxaluun baatee daraaraa qoorsiti; daraaraan hin harca'a, dansummaan isaalle hin baddi. Akkasuma dureessille, hujii ifii adoo hujatuu hin bada. \s1 Haga Ilaallatamu'uu Fi Ataabamuu \p \v 12 Nami ataabee ciniinnatee ossatu ka badhaadhe. Sababille ataabamee haga ilaallameen duuba, gatii\f + \fr 1:12\fr*\fqa Gatii: \fqa*\ft Kallacha\ft*\f* jiru'uu ka Waaqi worra isa jaalatuuf waadaa gale hin fudhata. \p \v 13 Nami yennaa ataabamu, «Waaqi na ataabe» hin jedhin; Waaqi hantu'uun hin ataabamu; ifille'eef nama hin ataabu. \v 14 Ammoo nami martinuu halchuma ifiitiin yennaa sossobamee sobamu ataabama. \v 15 Achiin duuba, halchaan sun yennaa ulfootte, cubbuu dhalti; cubbuun sunille, yennaa guddattee geette, du'a dhalti. \p \v 16 Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, hin sobamina'a. \v 17 Arjummaa dansa'aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubba'aa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa. \v 18 Nuuti dada isaa maraaf angafa akka teenuuf, Waaqi fedhii ifiitiin jecha dhuga'aatiin nu uume. \s1 Dhage'anee Hujii Irra Oolchuu \p \v 19 Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, tana hubatuu qaddan! Nami martinuu dhage'iisaaf ka ariifate, dubbatiisaa fi aariisaaf ka hin ariifanne te'uu ti; \v 20 sababille aariin namaa balchummaa Waaqaa hin fiddu. \v 21 Tanaaf battumma'aa fi bacatiisa hammeennaa mara ifi irraa balleessa'a; jecha lubbuu teessan fayyisiisaaf hunna qabu, ka isin keessatti dhaabame san gadhi laafumma'aan fudhadha'a. \p \v 22 Worra jecha hujii irra oolchu te'aa malee, worra dhage'u qofa teetanee ifi hin sobina'a. \v 23 Nami jecha dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, akka nama fuula ifii daaw'iti'iin ilaaluu ti; \v 24 inni ifi ilaalee deemeen duuba, yoosuma maan akka fakkaatu hin dedha. \v 25 Ammoo nami Seera Waaqaa ka dhidhinna hin qanne, ka bilisa baasu hubatee ilaalu, ka ittille ossatu, ka dhage'ee hujii irra oolchuu fi ka hin deene hujii ifiitiin ka eebbifame hin te'a. \p \v 26 Nami, nama dhugeeffannaa qabu ifi seyee, arraba ifii hin eeganne ammoo ifi soba malee, dhugeeffannaan isaa gatii hin qaddu. \v 27 Waaqa Abbaa duratti dhugeeffannaan qullitti'ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du'eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle'ee ifi eeggachu'u. \c 2 \s1 Nama Wol Caalchisuu Irraa Ifi Eeggachiise \p \v 1 Obboleeyyan tiyya! Goottaa ulfinnaa keenna Yesuus Kiristoositti dhugeeffannaa eega qabaattane, nama wol hin caalchisina'a. \v 2 Nami dureessi tokko qubee worqi'ii keyatee, woyaa dansaalle uffatee gara wolitti qabama keessanii yoo dhufe, namichi hiyyeessi woyaa ciccittu'uulle yoo ol seene, \v 3 isin namicha woyaa dansaa uffate san ulfeessiisaan, «Ati addee dansaa tana tee'i» jettanee, namicha hiyyeessa saniin ammoo, «Ati achi dhaabbadhu yookiin as miila kiyya jala tee'i» yoo jettane, \v 4 odduu teessanitti nama wol caalchittanee, worra yaada hama'aan muru te'uu keessanii motii ree? \p \v 5 Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, dhage'aa! Waaqi akka isaan dhugeeffanna'aan dureeyyii te'anuu fi mootummaa inni worra isa jaalatanuuf waadaa gale san akka dhaalanuuf, worra biyya lafaatitti hiyyeeyyii te'ane filateeraa motii? \v 6 Isin ammoo worra hiyyeeyyii ulfinna dhooggitane; worri isin hacuucu, worri gara kora mura'aa isin harkisu dureeyyi'ii motii? \v 7 Maqaa dansaa isin ittiin waamantanu ka faanshessu isaanii motii? \p \v 8 Seera mootummaa Waaqaa akka Barreeffam Woyyichi, «Ollaa keeti akka ifi jaalattutti jaaladhu» jedhutti, yoo muummessitane dansaa gootane. \v 9 Nama yoo wol caalchittane ammoo cubbuu hujjan; akka yakkaamessa tokkootitti seerri isinitti mura. \v 10 Nami tokko seera kaan mara eegatee, tokkocha yoo balleesse, akka waan maraayyuu balleesseetitti yakki itti hin murama. \v 11 Ka, «Hin gaarayyeeffatin» jedhettuu, «Hin ijjeesin» waan jedheef, ati yoo gaarayyeeffatuu dhaddelle, eega ijjeette yakkaamessa teeteerta. \v 12 Akka worra seera bilisummaa kennu duratti dhikaatee muraa dhaggatuu dubbadha'a, hujadhaalle'e. \v 13 Nama marartii hin qannetti, marartii malee itti hin muranti; marartiin muraa hin injifatti. \s1 Dhugeeffanna'aa Fi Hujii \p \v 14 Obboleeyyan tiyya! Nami tokko, «Ani dhugeeffannaa qaba» jedhee, hujii dansa'aan dhugeeffannaa ifii yoo hin mudhisin, maan isaa baati? Dhugeeffannaan akkasii sun isa fayyisuu hin dandeettii? \v 15 Obboleeyyan yookiin obboleettoti, waan uffatanuu fi nyaatanu hin qanne yoo jiraatane, \v 16 isin keessaa nami tokko, waan le'ii isaaniitiif barbaachisu adoo hin kenniniif, «Nageyaan deema'a, hin boojjatina'a, quufa'a!» yoo jedheen, maan isaaniif baati? \v 17 Maarre dhugeeffannaan hujii dansaa hin qanne ta duute. \p \v 18 Nami tokko, «Ati dhugeeffannaa qadda; ani hujii dansaa qaba» yoo jedhe, ani, «Dhugeeffannaa teeti hujii irraa gargar baasiitii natti mudhisi; anille dhugeeffannaa tiyya hujii tiyyaan sitti mudhisa» hin jedhaan. \v 19 Ati Waaqi tokkochi akka jiru hin dhugeeffatta; dansaa goote! Durriisotille tana hin dhugeessan, sodaataneelle hin hollatan. \p \v 20 Namicha gowwa'a! Dhugeeffannaan huji'iin malee ta gatii hin qanne\f + \fr 2:20\fr*\fqa Ta gatii hin qanne: \fqa*\ft Ta duute\ft*\f* akka teete beekiisaaf dhugaa itti barbaaddaa? \v 21 Abbaan keenna Abrahaam ilma ifii Yisihaq, addee ciincaan itti ciinceffamu irratti yennaa dhikeesse, huji'iinii motii ka balchoome? \v 22 Tanaan dhugeeffannaan isaa hujii isaa woliin hujataa akka turte, dhugeeffannaalle huji'iin akka muummotte hin dhaggituu? \v 23 Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqa dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowante» jedhu muummowe; innille jaala Waaqaa jedhame. \v 24 Nami huji'iin malee, dhugeeffannaa qofaan akka hin balchoonne hin dhaggitan. \p \v 25 Akkasuma, Rahaabiin sagaagaltittiille yennaa worra Israa'elii ka ergamee dhufe san fudhattee, karaa dhibi'iin akka bayanu goote, hujii ifiitiin balchoontee motii? \v 26 Nafi hafuura\f + \fr 2:26\fr*\fqa Hafuura: \fqa*\ft Ayyaana\ft*\f* hin qanne ka du'e; dhugeeffannaan hujii hin qannelle ta duute. \c 3 \s1 Arraba Leenjisuu \p \v 1 Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami hedduun barsiisota hin te'ina'a. Sababille nuuti worri barsiisota teene worra kaan caalaa muraa akka fudhannu hin beettan. \v 2 Nuuti martinuu dokonkora hedduu goona; nami dubbii ifiitiin hin dokonkorre, nama nafa ifii duudii toowatuu dande'u, nama miju'u. \p \v 3 Fardi akka nu'uuf ajajamu bixaala afaan keessa keenna; gara feene isa geessina. \v 4 Me hoboloo guddittii ilaala'a! Hoboloon guddoon adoo guddo'ootuu, qilleensa jabaalle'een adoo oofantuu, nami hoboloo oofu shaffisaa diqqaa tokkoon gara fedhe oofa. \v 5 Akkasuma, arrabille qoqoodama nafaa keessaa waan diqqaa tokko adoo te'eeruu, waan gugurdo'oon ifi jaja. Gongomaan guddaan ibidda diqqaa tokkoon attam akka gubatu hubadha'a! \v 6 Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu'utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qilee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le'ii teennaa duudii hin guba; ifille'eef ibidda qile'eetiin gubata. \p \v 7 Nami bineensota adda addaa, sinbirroota, bineensota lafa irra lowu, bineensota bisaan keessaa leenjisuu hin dande'a; leenjiseeralle'e. \v 8 Nami arraba leenjisuu dande'u ammoo hin jiru; inni hadhaa du'aatiin ka guutamee fi hamaa hin toowatanne. \p \v 9 Nuuti arrabaan Waaqa Abbaa keenna galateessina, isumaanuu namoota fakkeenna Waaqaatiin dadamane abaarra. \v 10 Afaanuma tokkocha keessaa galataa fi abaarsi baya; obboleeyyan tiyya! Kun te'uu hin malle. \v 11 Maddi tokkochi bisaan mi'owuu fi hadhowu hin maddaa? \v 12 Obboleeyyan tiyya! Muki harru'uu midhaan ejersaa, muki woyni'iille midhaan harru'uu buusuu hin dande'aa? Akkasuma maddi horaa bisaan nami unu madduu hin dande'u. \s1 Qarummaa Ol-gubba'aatii Fi Lafaa \p \v 13 Isin keessaa qarichaa fi hubataan eennu? Inni le'ii ifii dansa'aan, waan ifi gadi qabiisaa fi qaroomaan hujuun mudhisuu ti. \v 14 Gadhaa keessan keessatti hinaaffaa hadhoottu'uu fi ifi jaalachuu yoo qabaattane ammoo, ifi hin jajina'a! Dhugaa irralle'etti soba hin dubbatina'a! \v 15 Qarummaan akkasii tun ta lafaa, ta ayyaantummaa hin qannee fi ta durriisaa ti malee, ta ol-gubbaa irraa dhuttee moti. \v 16 Addee hinaaffa'aa fi ifi jaalatiis jirtutti hoga'aa fi waan hantuu maratti jira. \p \v 17 Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti'i; akkasuma nageellitti'i, qajeeltu'u, ifi kennitu'u, mararti'ii fi midhaan dansa'aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre. \v 18 Worri nageya buusu, nageya facaasee, midhaan balchumma'aa wolitti qabata. \c 4 \s1 Biyya Lafaa Woliin Jaalomuu \p \v 1 Lolaa fi falmiin odduu teessan jirtu, eessaa dhutte? Halchaa nafa keessan keessatti wol loltu irraa dhuttii motii? \v 2 Isin waan tokko hin halchitan, ammoo hin dhaggattanu; tanaaf nama ijjeettan. Jabaattaneelle woy halchitan, dhaggatiisaaf hin dandeettanu; tanaaf wol falmaa wol loltan. Waan hin daadimanneef, waan barbaaddanu hin dhaggattanu. \v 3 Yennaa daadimattanulle, gammada foonii irra oolchiisaaf, yaada hama'aan waan daadimattanuuf hin dhaggattanu. \v 4 Isin kolbaa Waaqaaf hin addatanne! Biyya lafaatiin jaalomuun diina Waaqaa akka nama gootu hin beettanuu? Tanaaf nami jaala biyya lafaa te'uu halchu, diina Waaqaa hin te'a. \v 5 Yookiin Barreeffam Woyyichi, «Waaqi, ayyaana nu keessa keyeef hin hinaafa» yennaa jedhu, akkasumaan ka dubbatu isinitti fakkaataa? \v 6 Waaqi ammoo badhaadha irra caalu hin kenna; tanaaf Barreeffam Woyyichi, \q1 «Waaqi worra kooru hin morma, \q2 worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna» jedha. \p \v 7 Maarre Waaqaaf ajajama'a; Seexana ammoo morma'a, innille isin baqata. \v 8 Gara Waaqaa dhikaadha'a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha'a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha'a. \v 9 Laaleffadha'a, gadda'a, bowa'a! Kolli keessan gara gaddaa, gammadi keessan gara bowiisaa jijjiiramuu ti. \v 10 Goottaa duratti gad ifi qaba'a, innille ol isin hin qaba. \s1 Akka Wolitti Hin Murre Ifi Eeggachiise \p \v 11 Obboleeyyan tiyya, waan hantuu wol irratti hin dubbatina'a! Nami waan hantuu obboleessa irratti dubbatu yookiin obboleessa ifiititti muru, seera irratti hantuu dubbata, ittille hin mura; ati seera irratti yoo murte ammoo, nama seera irratti muru malee, nama seera hujii irra oolchuu moti. \v 12 Ka seera baasuu fi murulle Waaquma tokkocha; ka fayyisiisaa fi balleessiisa dande'ulle isuma calla'a; ati ka namatti murtu eennu ree? \s1 Ifi Jajuu Irraa Ifi Eeggachiise \p \v 13 Isin worri, «Adha yookiin boru qachaa akkasiitii fi akkasii dhandhee woggaa tokko achi turra, hin daddalanna, bu'aalle keessaa buufanna» jettanu, caqasa'a! \v 14 Isin waan boru te'u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo'oof mudhattee deebitee badduu ti. \v 15 Addee san, «Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona» jedhuu maltane. \v 16 Amma ammoo isin hin koortan, ifille hin jajjan; ifi jajuun akkasii duudiin hantu'u. \v 17 Nami waan dansaa godhiisa adoo beekuu, hin goone, godhuu dhabiis isaa cubbuu itti teeti. \c 5 \s1 Ifi Eeggachiisa Dureeyyi'iif Kenname \p \v 1 Amma isin dureeyyiille caqasa'a! Gaddi waan isinitti dhufaaruuf, wiiccifadha'aa bowa'a. \v 2 Karri teessan alootteerti; woyaan teessanille bili'iin\f + \fr 5:2\fr*\fqa Bili'iin: \fqa*\ft Qooqqanna'aan\ft*\f* nyaatanteerti. \v 3 Worqi'ii fi meetiin\f + \fr 5:3\fr*\fqa Meetiin: \fqa*\ft Birriin sibiilaa\ft*\f* teessan ciilteerti; ciilli isaanii kun isin irratti dhugaa hin baya, akka ibiddaalle foon nafa keessanii hin nyaata. Guyyoota gara muumme'ee kana keessatti karra wolitti qabattaneertan. \v 4 Caqasa'a! Worra fichaa keessan haamaa ooleef mindaan isin kaffaluu dhaddane isin irratti iyyiisatti jira; Goottaan Waan Mara Dade iyyansa isaanii dhage'eera. \v 5 Isin qanani'ii fi gammadaan lafa irra leetaneertan; guyyaa itti qalantanuuf ifi gabbifattaneertan. \v 6 Isin nama balchaa isin hin morminetti murtanee ijjeettaneertan. \s1 Rakkinna Keessatti Ossatuu \p \v 7 Obboleeyyan tiyya! Haga Goottaan deebi'ee dhufutti ossadha'a. Qonnaan bulaan tokko haga latti isaa bokkeya matoomaatii fi eege'ee dhaggattutti ossataa, midhaan gatii-qabeessa fichaan isaa kennu, akka inni eegatu ilaala'a. \v 8 Isinille akkasuma ossadha'a! Guyyaan Goottaan dhufu waan dhikaatteef, gadhaa keessan jabeeffadha'a. \v 9 Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin muranne wolitti hin gungumina'a! Kunoo yennaan abbaan mura'aa dhufu geetteerti. \p \v 10 Obboleeyyan tiyya! Marroo rakkatiisaatii fi ossatiisaa, raagota maqaa Gootta'aatiin dubbatane akka fakkeennaatitti fudhadha'a! \v 11 Worra ciniinnatee ossaa ture san, nuuti akka worra badhaadheetitti isaan ilaalla. Iyoob attam akka ciniinnatee osse dhageettaneertan; muummee irratti waan Goottaan godhe dhaggitaneertan; sababille Goottaan marara'aa fi gadhi-laafessa. \p \v 12 Obboleeyyan tiyya! Waan mara caalaa hin kakatina'a! Ol-gubba'aan yookiin lafaan yookiin waan dhibiille'een hin kakatina'a! «Eetiin» teessan eeti, «Waawwoon» teessan waawwoo teetuu ti. Yoo akkas hin te'in, isinitti hin muranti. \s1 Daadimata Dhugeeffanna'aa \p \v 13 Odduu teessan nami rakkatiisatti jiru jiraa? Inni daadimatuu ti! Nami gammadeeru jiraa? Inni faaruu galataa faarfatuu ti. \v 14 Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde'a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta'aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti.\x - \xo 5:14 \xo*\xt Mar. 6:13\xt*\x* \v 15 Daadimannaan dhugeeffanna'aan godhantu dhibamaa hin fayyitti; Goottaalle dhibee irraa isa hin fayyisa; yoo cubbuu hujee jiraatelle araarri hin kennamaaf. \v 16 Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha'a, woliifille daadimadha'a! Daadimannaan nama balcha'aa hunnaametti'ii fi bu'aa qabeetti'i. \v 17 Eliyaas namuma akka keennaatiiyyu; akka bokkeenni hin roonne yennaa jabeesse daadimate, woggaa sadii fi ji'a jaa lafa sanitti bokkeenni hin roonne. \v 18 Yennaa inni deebi'ee daadimate ammoo, gubbaan bokkeya kennitee, lattille midhaan baache. \p \v 19 Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami tokko dhugaa irraa goreeruun, nami dhibiin dhuga'atti yoo isa deebise, \v 20 ka nama cubbaalessa cubbuu irraa deebisu, lubbuu nama cubbaalessaa du'a irraa fayyisee, cubbuu heddu'uufille akka inni araara dhaggatu akka godhe beekuu ti.\x - \xo 5:20 \xo*\xt 1 Phex. 4:8\xt*\x*