\id ISA - Guji Bible \ide UTF-8 \h Isaayaasii Raagichaa \toc1 Kitaaba Isaayaasii Raagichaa \toc2 Isaayaasii Raagichaa \toc3 Isa. \mt1 Kitaaba Isaayaasii Raagichaa \imt Seensa \ip Kitaab Isaayaasii raagichaa dhaloota Kiristoosiitiin dura gara dhuma jaarraa saddeetesso'ootitti, maqaa raagicha guddaa Yerusaalem keessa le'eetiin waamame; kitaab kun kutaa gugurdoo saditti qoodama. 1. Kutaan foora 1-39 Marroo yennaa mootummaa kibbaa Yihuda'aa, mootummaa hunnaamettii ollaa isi'ii ta «Asoor» jedhantuun lolli irra dhaqqabe dubbata. Mootummaa Yihuda'aa irratti lola ka kaase, hunna mootummaa Asoorii adoo hin te'in, cubbuu kolba'aa, Waaqaaf ajajamiisa dhabiisaa fi isatti addii dhabiisa isaanii Isaayaas dhagge. Raagichi dubbi'ii fi hujii ifa teeteen, kolba'aa fi sooreyyiin gara jiruu balchumma'aatii fi haqaatitti akka deebi'anuuf waamee, Waaqaaf ajajamiisa dhabiis hiree gadhe'ee fi badii akka fiddu isaan ifi eeggachiise. Isaayaas ammalle barri biyya lafaa duudii irratti nageenni te'uu fi sanyii Daawitii keessaa mootiin haqaan bulchu akka dhufu'uu jiru dursee dubbateera. \ip 2. Kutaan foora 40-55 Kolbaan Yihuda'aa gara biyya Baabilonii booji'antee, achitti bututtee addii akka kutatte dubbata. Raagichi, Waaqi kolbaa ifii bilisa akka baasuu fi le'ii haareya akka jalqaddu gara Yerusaalemii akka isaan deebisu lallabeera. Yaadi guddaan foorota kana keessaa, abbaan dabarsi'ii, Mootii Waan Maraa Waaqa akka te'ee fi karoorri inni kolbaa ifiitiif qabu, gosa biyya adda addaa ta karaa Israa'eliitiin eebbifantuuf, kolbaan ergaa dabarsuu akka qaddu ka hubachiisu. Kutaan kun Gondooroo Qaraa keessatti marroo, «Tajaajilaa Mootii Waan Maraa» ka dubbatanuutitti laakkowama. \ip 3. Kutaan foora 56-66 irra caalaa kolbaan gara Yerusaalemii yennaa deebite, waadaan Waaqi isaaniif gale akka muummowu, marroo kolbaa waan ittiin mirkaneeffattu barbaaddee dubbata. Wonni xiyyeeffannaan addaa godhameef balchumma'aa fi haqa, Sanbata ulfeessiisa, ciincaa dhikeessiisaa fi daadimatiisa. Kutaa kana keessatti foorri beekkamaan 61:1-2 yoo te'u, jechoota Yesuus jalqaba tajaajila ifii irratti waamicha ifii ifa godhiisaaf ka itti fayyadame. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Ifi Eeggachiisiisaa Fi Waadaa Galiisa\ior 1:1—12:6\ior* \io1 Adabamiisa Gosa Biyya Adda Addaa\ior 13:1—23:18\ior* \io1 Biyya Lafaa Adabiisa Waaqaa\ior 24:1—27:13\ior* \io1 Ammalle Ifi Eeggachiisiisaa Fi Waadaa Galiisa\ior 28:1—35:10\ior* \io1 Mootii Yihuda'aa Hisqiyaasii Fi Worra Asoorii\ior 36:1—39:8\ior* \io1 Ergaa Waadaa Galiisaatii Fi Addii Kenniisaa\ior 40:1—55:13\ior* \io1 Ifi Eeggachiisiisaa Fi Waadaa Galiisa \ior 56:1—66:24\ior* \c 1 \p \v 1 Mudhiin ilmi Amosii Isaayaas bara Uziyaan, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuda'aa te'anetti marroo Yihuda'aatii fi Yerusaalemii dhagge, ta asii gadi jirtu. \s1 Waaqi Kolbaa Ifii Xixe \p \v 2 Mootiin Waan Maraa, «Ee ol-gubba'a dhage'i! Ee lafa caqasi! Ani ijoollee uumadhee guddifadhe; isaan ammoo hammeennaan na irratti ka'ane. \v 3 Qotiyyoon goottaa ifii, \q2 harreelle goongaa abbaa isii horatee hin beetti; \q1 Israa'el ammoo hin beettu; \q2 kolbaan tiyya hin hubattu» jedhe. \p \v 4 Kolbaa cubbaalettii, kolbaa yakkaamettii, sanyii worra hantuu hujuu, worra amala hama'aatiif aanne'e! Isaan Mootii Waan Maraa lakkisaneeran; Waaqa woyyicha Israa'elii tuffatanee dudda itti galaneeran. \v 5 Isin maaf ammalle adabamiisa barbaaddan? Isin maaf finqila lakkisuu dhaddan? Mataan keessan addee mara madayeera; gadhaan keessanille raafameera. \v 6 Faana miila keessaniitii haga gubbaa mataa keessaniititti fayyaa hin qaddanu; nafi madaa, iitaa fi malaalle'een guutameera; madaan teessan sun wolitti hin deebine, hin hidhanne; zayitiille'een hin laanne. \p \v 7 Biyyi teessan ona hin teeti; qachooti keessan ibiddaan hin gubata. Adoo isin ilaaltanuu ormi fichaa keessan fudhatee, akka lafa diinni qabatee hin barbadootti. \v 8 Intalti Xiyoonii akka gosee fichaa woynii keessaa, akka mana fichaa baaqulaa keessaatii fi akka qachaa diinni marsee hin teeti. \v 9 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade adoo sanyii nuuf hamburiisa dhabee jiraate, silaa akka Sodoomii teenee, Gomoraalle hin fakkanaayyu. \p \v 10 Isin bulchoota Sodoomii jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Isin kolbaa Gomora'aa seera Waaqa keennaa caqasa'a. \v 11 Mootiin Waan Maraa, «Bacatiis ciincaa keessanii maan naa godha? Ani ciincaa korbeessa hoole'eetii fi cooma horii gagabbo'oo quufeera; ani dhiiga korommi'iititti, dhiiga korbeeyyii hoole'eetii fi re'ootaatitti hin gammadu. \v 12 Isin na duratti yennaa dhikaattanu, kana mara akka fiddanuu fi Galma kiyya dura akka dhaabbattanu eennuttuu isin gaafate? \v 13 Woreega bu'aa hin qanne hin fidina'a; ani hixaana keessan diqadheera; jila baatii ji'aa, Sanbata, yaa'ii fi wolde'a keessan ka hammeennaan guutamelle ossuu dadhabeera. \v 14 Ani jila baatii ji'aa teessanii fi jila teessan ta beekkante jibbeera; isaan ba'aa natti te'anee, ossuu dadhabeera. \p \v 15 «Yennaa isin harka keessan gara kiyya badhifattanee daadimattanu ani gara keessan hin ilaalu; harki keessan dhiigaan waan guutameef, yoo guddoo daadimattanelle ani isiniif hin dhage'u. \v 16 Dhiqadha'aatii ifi qulqulleessa'a; hujii teessan hantuu, ila tiyya duraa kaasa'a; hantuu hujiisa lakkisa'a. \v 17 Dansaa godhiisa baradha'a; haqa barbaada'a; worra cunqurfame qarqaara'a; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne qarqaara'a; haadha hiyyeessaatiif falma'a. \p \v 18 « ‹Kowa'a, wol komanna; cubbuun teessan akka dhiigaa diimatulle, akka dhakaa bokkeyaa hin addaatti; akka dhiigaa diimattulle akka fuutta'aa hin addaatti. \v 19 Tole jettanee yoo naaf ajajantane, waan dansaa latti baattu hin nyaattan. \v 20 Diddanee yoo na finqiltane, shallaagaan isin hin nyaata› jedhee ani Mootiin Waan Maraa dubbadheera» jedhe. \s1 Qachaa Cubbu'uun Guutame \p \v 21 Qachaan addatamaan attam sagaagalaa te'e? Dur haqi isa keessa guuteeraayyu; balchummaalle isa keessa jirtiiyyu; amma ammoo worri nama ijjeesu keessa guuteera. \v 22 Yerusaalem! Meetiin teeti ciillotteerti; daadhiin woyni'ii teeti bisaaniin makanteerti. \v 23 Bulchitooti teeti finqiltoota; jaalota hattu'uu ti; isaan marti safuu jaalatan; kennansa gula deeman; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef hin falmanu; iyyata haadha hiyyeessaalle hin dhage'anu. \p \v 24 Tanaaf Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dade, hunnaamessi Israa'elii, «Ani nyaaphota kiyya irratti aarii tiyya hin dhangalaasa; diinota tiyyalle haluu hin baya. \v 25 Ani aarii tiyya hantu'uun si hin adaba; ciilloyiisa keeti irraa si hin qulleessa; xurii teeti mara si irraa hin kaasa. \v 26 Ani abbootii mura'aa teeti akka duriititti, gorsitoota teetille akka jalqabaatitti hin deebisa; achiin duuba ati, ‹Qachaa balchumma'aa, qachaa addatamaa› hin jedhanta» jedhe. \p \v 27 Xiyoon haqaan, worri isii keessaa ka cubbuu irraa deebi'u balchumma'aan hin wodaman. \v 28 Finqiltootaa fi cubbaaleyyiin ammoo wolumatti hin caccaban; worri Mootii Waan Maraa lakkisulle hin bada. \p \v 29 Isin sababa qilxaa waaqonfattanuutiif hin qaanottan; oorruu filattaneefille hin salphattan. \v 30 Isin akka qilxaa baalli isaa qooree, akka oorruu bisaan hin qannee hin teetan. \v 31 Nami jabaan akka haasumee ibiddaa, hujiin isaalle akka qaanqee ibiddaa hin teeti; isaan lamaanuu hin gubatan; nami isaan irraa dhaanfulle hin jiru. \c 2 \s1 Nageya Bara baraa \r (Mik. 4:1-3) \p \v 1 Ilmi Amosii Isaayaas marroo Yihuda'aatii fi Yerusaalemii waan asii gad jiru dhagge. \q1 \v 2 Bara muumme'eetitti \q2 gaarri Galmi Waaqaa irra jiru, \q2 gaarota mara hin caalaa; \q2 koobota mara caalaa ol hin ka'a. \q2 Gosi biyya adda addaa marti \q2 gara isaa hin yaati; \q2 \v 3 kolbaan hedduun dhuttee, \q1 «Xiyoon keessaa seerri, \q2 Yerusaalem keessaalle'ee \q2 jechi Mootii Waan Maraa waan bayuuf, \q2 karaa ifii akka inni nu barsiisuuf, \q2 nuutille daandii isaa irra akka ideennuuf, \q2 kowa'a gara gaara Mootii Waan Maraa, \q2 gara Galma Waaqa Yaaqoobii \q2 ol baanaa!» hin jetti. \b \q1 \v 4 Inni gosa biyya adda addaa oddu'utti \q2 muraa kennee, \q2 wolii gala dhaba kolbaa heddu'uulle \q2 hin balleessa. \q1 Isaan shallaagaa ifii tumanee qottoo, \q2 eboo ifiille haantuu hin godhatan; \q2 gosi biyya adda addaa \q2 shallaaga'aan wolitti hin kaatu; \q2 isaan deebi'anee lola hin baratanu. \q1 \v 5 Ee, sanyii Yaaqoobii \q2 kowa'a, ifa Mootii Waan Maraa keessa deddeebina! \s1 Guyyaa Mootii Waan Maraa \p \v 6 Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobii lakkitteerta; isaan moruu worra gara aduun baatuutiin guutamanee, akka worra Filisxeemotaa moran; orma woliin harka dhowan. \v 7 Latti isaanii meeti'ii fi worqi'iin guutanteerti; karri isaanii haga hin qaddu; lafa isaanii keessa fardoon guutteerti; garreettaan isaanii ka fardaan harkifamu haga hin qabu. \v 8 Latti isaanii waaqota dharaatiin guutanteerti; isaan waanuma harka ifiitiin hujanetti sagadan. \v 9 Maarre, sanyiin namaa gad jetteerti; nami marti qaanoweera; Waaqa, isaaniif hin araaramin! \p \v 10 Aarii Mootii Waan Maraatii fi hunnaa isaa guddoo duraa gara rassa'aa dhaqa'aatii, lafa keessatti dhokadha'a. \v 11 Ilti nama kooruu lafa hin ilaalti; worri ifi saadu hin salphata; guyyaa san Mootii Waan Maraa qofatti ulfinnaan ol ol jedha. \v 12 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, worra kooruu fi ifi saadu irratti, \v 13 hindheensa dhedheeraa Libaanoniitii fi qilxaa Baashaanii mara irratti, \v 14 gaarota dhedheera'aa fi koobota ol kaate mara irratti, \v 15 xelleephoo dhedheertu'uu fi dalleya dhaka'aa mara irratti, \v 16 hoboloota gugurdoo Tarshiishiitii fi hoboloota mimmidhaaddu mara irratti guyyaa dhufu qaba. \v 17 Ifi saaduun namaa hin baddi; koorri namaalle hin hafa; guyyaa san Mootii Waan Maraa qofatti ulfinnaan ol ol jedha. \v 18 Waaqoti dharaa ijjumaa hin badan. \p \v 19 Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya lafaa tachoosiisaaf ka'u, namooti aarii isaatii fi hunna isaa guddoo duraa gara goda rassa'aatii fi boolla lafaa hin baqatan. \v 20 Guyyaa san namooti waaqota dharaa waaqonfatiisaaf, meeti'ii fi worqii irraa ka hujatane tuqa'aa fi cirrichoo duratti hin gatan. \v 21 Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya lafaa tachoosiisaaf ka'u, namooti aarii isaatii fi hunna isaa guddoo duraa goda rassa'aatii fi dho'a rassa'aa keessa hin seenan. \p \v 22 Nama du'u ka hafuurri isaa funnaanirra jirutti hin addatina'a; inni bu'aa hin qabu. \c 3 \s1 Muraa Yerusaalemii Fi Yihudaa Irratti Dhufu'uu Jirtu \p \v 1 Kunoo, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, waan isaaniif barbaachisu mara, sagale'ee fi bisaanille, Yerusaalemii fi Yihudaa duraa hin balleessa; \v 2 jannootaa fi loltoota isaanii, abbootii isaanii ta mura'aatii fi raagota isaanii, worra isaaniif moruu fi jaarsolee isaanii, \v 3 ajajaa shantamaatii fi worra ulfinna qabu ka isaanii, gorsitootaa fi beekkicha hujii harkaa ka isaanii, morticha qaricha isaan duraa hin balleessa. \v 4 Dargaggooti akka isaan sooressanu, ijoolleen akka isaan bulchanu hin godha. \v 5 Kolbaan wol hin cunqursiti; nami nama irratti, ollaan ollaa irratti, dargaggooti jaarsolee irratti, nami tuffatamaan nama ulfinna qabu irratti hin ka'a. \p \v 6 Yennaa san nami tokko obboleessa ifii, ka mana abbaa ifii keessa jiru tokko qabee, «Ati woyaa waan qadduuf, sooressa nuuf te'i; itti gaafatamummaa tuulaa diigante tanaalle fudhadhu» hin jedha. \p \v 7 Guyyaa san ammoo inni qoonqoo ol qabatee, «Ani sagalee yookiin woyaa mana kiyya keessaa waan hin qanneef, isin qarqaaruu hin dande'u; sooressa na hin godhina'a» hin jedha. \p \v 8 Yerusaalemii fi Yihudaan dubbii ifiitii fi hujii ifiitiin Mootii Waan Maraa mormanee, ulfinna isaa waan batteessaneef, Yerusaalem jigiisaaf hin tintinti; Yihudaalle hin jiga. \v 9 Akka isaan yakkaameyyii te'ane, fuulli isaaniituu dhugaa isaan irratti hin baya; isaan akka worra Sodoomii cubbuu ifii lallaban; hin dhoffatanulle'e; isaan badii waan ifitti fidaneef, isaaniif aanne'e. \p \v 10 Balchooti gatii hujii ifii waan dhaggatanuuf, wonni dansaan akka isaaniif te'u'uuf jirtu, itti hima'a. \v 11 Yakkaameyyiin gatii hujii ifii waan dhaggatanuuf isaaniif aanne'e! Badiin isaan irratti hin dhutti. \p \v 12 Dargaggooti kolbaa tiyya cunqursiti; dubartooti isaan bulchiti. \p Kolbaa tiyya! Sooressitooti teessan isin dokonkorsiti; daandii irralle'ee isin gorsiti. \s1 Mootiin Waan Maraa Kolbaa Ifiititti Hin mura \p \v 13 Mootiin Waan Maraa barcumaa ifii ka mura'aa irra te'eera; kolbaa ifiititti muriisaaf ka'eera. \v 14 Inni jaarsolee kolbaa ifiitii fi sooreyyii kolbaa ifii mura'atti dhikeessee, «Isin oorruu woyni'ii tiyya saantaneertan; wonni isin hiyyeeyyii irraa saantane mana keessan jira. \v 15 Kolbaa tiyya butuchiis keessan, fuula worra hiyyeeyyi'ii shankalleessiis keessan kun maaniif?» jedha. \s1 Ifi Eeggachiisa Dubartoota Yerusaalemiitiif Kenname \p \v 16 Mootiin Waan Maraa, «Ijoolleen durraa ta Xiyoonii kooraneeran; morma toganee, ilaan qiphifataa, ideensaan sassaqaa gumee miilaa qilillisiisaa deeman. \v 17 Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, mataa ijoollee durraa Xiyooniititti sanqee hin buusa; mataa isaanii irraa sossa» jedha. \p \v 18 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa gumee isaan miila ifiititti keyatanu, faaya mataa isaaniitii fi faaya morma isaanii, \v 19 qubee gurra isaanii, irmuura isaanii, woyaa fuulatti hagooggatanu, \v 20 marata mata'aa, irmuura isaanii, hanfalaa isaanii, bilqaadii fiqire'ee, qudhaama isaanii, \v 21 qubee quba isaaniitii fi qubee funnaan isaanii, \v 22 woyaa jilaa, woyaa isaan keessaan uffatanu, geellaa isaanii, subba harkatti qabatanu, \v 23 daaw'itii isaanii, woyaa isaanii ta quncee talba'aa irraa hujante, seesa mata'aatii fi fooxaa isaanii isaan irraa hin fuudha. \p \v 24 Addee foolee fiqire'ee, fooleen ajoottu, addee hanfala'aa wodaroon, addee rifeensa mata'aa, sanqeen, addee woyaa dansa'aa, woyaan gaddaa, addee dansumma'aa, gadaannis isaanitti hin te'a! \p \v 25 Namooti keeti shallaaga'aan, loltooti teetille lola keessatti hin dhumatan. \v 26 Bowaa fi gaddi Karra Xiyoonii biratti hin te'a; Xiyoon akka dubartii waan mara dhaddee gadditee lafa irra teettuu hin teeti. \c 4 \p \v 1 Yennaa san dubartooti torba dhiira tokko qabattee, «Nuuti sagaluma teenna hin nyaanna; woyaalle teennuma uffanna; salphinni keenna akka hafu, maquma keetiin waamannuu ti» hin jetti. \s1 Adde'etti Deebi'iisa Yerusaalemii \p \v 2 Yennaa san wonni Mootiin Waan Maraa lafa irratti lachisiisu ka miidhaguu fi ka ulfinna qabu hin te'a; midhaan muka lafa irratti latulle kolbaa Israa'elii worra baraaree hafeef, kooraa fi ulfinna hin te'a. \v 3 Worri Xiyoon keessatti hafee Yerusaalem keessa haga ammaa le'iisatti jiru, Yerusaalem keessatti worra baraaree hafee galmowe mara woliin woyyoota jedhamanee hin waamaman. \v 4 Mootiin Waan Maraa dubartoota Xiyoonii irraa xurii hin dhiqa; ayyaana mura'aatii fi ayyaana ibiddaatiin Yerusaalem irraa dhiiga dhiqee hin qulleessa. \v 5 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa gaara Xiyooniitii fi worra achi irratti wolitti qabamane mara irratti guyyaa duumensaa fi aara, halkan ibidda bobe'u hin dada; ulfinni isaalle qachaa san guutumatti itti hin gonbooba. \v 6 Gonboobi sun yennaa o'a adu'uu, gaaddisaa fi waan jalatti qophatanu, yennaa bubbe'eetii fi bokkeyaa addee itti baqatanuu fi addee itti dhokatanu hin te'a. \c 5 \s1 Faaruu Marroo Oorruu Muka Woyni'ii \q1 \v 1 Ani amma jaalallee kiyyaaf \q2 marroo oorruu isaa \q2 ta muka woyni'ii faaruu hin faarsa. \q1 Jaalalleen kiyya kooba lafa laattuu irratti \q2 muka woyni'ii tokko qabaayyu. \q1 \v 2 Inni lafa qotee dhakaa keessaa guuree, \q2 sanyii woynii dansa'aa achitti dhaabe; \q2 xelleephoolle wodhakka'atti ijaaree, \q2 addee midhaan woyni'ii itti cunfanu miidhasseef. \q1 Achiin duuba inni \q2 midhaan dansaa buutti jedhee eeggate; \q2 woyniin ammoo midhaan dhangaggowu buutte. \p \v 3 Maarre jaalalleen kiyya, «Isin worri Yerusaalemii fi Yihudaa keessa leetanu, waan anaa fi oorruu muka woyni'ii tiyyaa wodhakkaa jiru irratti muraa kenna'a. \v 4 Tana caalaa muka woynii tiyyaatiif, maan godhuu qaba ree? Midhaan dansaa buutti jedhee adoo eegadhuu, midhaan hadhowaa maaf buutte ree? \p \v 5 «Yoona oorruu muka woyni'ii tiyya maan akka godhu isinitti hima; dalleya irraa buqqisee, bineensoti akka dheedanu hin godha; bineensoti akka irra sirbanu, dalleya dhaka'aalle irraa hin diiga. \v 6 Ani addee muka woyni'ii san lafa duwwaa hin godha; muki woyni'ii sun hin quxamu yookiin jalli isi'ii hin qotamu; qore'ee fi qumi'uuduun achi keessatti hin latti; bokkeenni akka itti hin roonneefille duumensa hin ajaja» jedha. \q1 \v 7 Muki woyni'ii ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade sun, \q2 gosa Israa'elii ti; \q2 kolbaan Yihuda'aa oorruu inni itti gammadu. \q1 Inni haqa barbaade, \q2 ammoo, dhiiga dhangalaasiisa dhagge; \q2 balchummaa barbaade, \q2 ammoo, iyya rakkinnaa dhage'e. \s1 Hammeenna Kolba'aa \p \v 8 Isin worra addeen tokkolle hin hafin, mana qaddanu irratti mana, fichaa qaddanu irralle'etti fichaa ede'attanee, lafa fudhattanee qofii qofii teessan leetanuuf aanne'e! \v 9 Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, adoo ani dhage'uu, «Dhugumaan manni hedduun hin ona; manni gugurda'aa fi dadansaan nama malee hin hafan. \p \v 10 «Midhaan woyni'ii ka lafa hekitaara kudhanii, cunfaa woyni'ii litirii saddeeti qofa hin te'a. Sanyiin kiiloo dhibba tokkoo fi saddeettamaa facaafantee, midhaan kiiloo kudhanii saddeeti qofa hin kenniti» jedhe. \p \v 11 Worra untoo macheessitu barbaadatiisaaf ganamaan ka'uuf, worra haga untoon jadduun isaan guddutti, haga halkanii turanuuf aanne'e! \v 12 Isaan jila ifii irratti kiraara guddichaa fi Maseenqoo, dibbee, suusulle'ee fi daadhii woyni'ii qaban; ammoo hujii Mootii Waan Maraa itti hin xiyyeeffanne; hujii harka isaatiifille ulfinna hin kennine. \v 13 Tanaaf kolbaan tiyya beekkumsa dhabiisaan hin booji'anti. Sooreyyiin isaaniille beelaan hin dhumatti; kolbaan bindillaalle dheebu'uun hin gubatti. \v 14 Tanaaf Boolli awwaalaa gadhaa badhifattee, afaan ifiille akka malee banatteerti; isiin qondaaltota Yerusaalemiitii fi kolbaa wolitti qabantee gammadaan hogittu hin liqinsiti. \p \v 15 Maarre nami hin salphata; worri kooru duudiin gad hin qabama. Ilti worra kooruulle lafa hin ilaalti. \v 16 Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade ammoo, haqa ifiitiin ol ol hin jedha; Waaqi woyyichille woyyummaa ifii balchummaa ifiitiin hin mudhisa. \p \v 17 Achiin duuba hooleen akkuma kaloo ifii achi keessa hin dheeddi; korbeeyyiin hoole'ee gagabboon lafa onte ta worra dureeyyi'ii keessa hin dheeddi. \p \v 18 Worra wodaroo sobaatiin yakkaa harkisuuf, worra wodaroo garreetta'aatiin cubbuu harkisuuf aanne'e! \v 19 Worra, «Nuuti akka dhagginuuf, Waaqi ariifatuu ti; hujii ifiille ariifachiisuu ti. Nuuti akka beennuuf, karoorri woyyicha Israa'elii ariiti'iin muummowuu ti; dafeelle dhufuu ti!» jedhuuf aanne'e. \p \v 20 Worra «Hantu'uun dansaa, dansa'aan hantuu, dukkanaan ifa, ifaan dukkana, waan hadhowuun mi'owaa, waan mi'owuun hadhowaa» jedhuuf aanne'e! \p \v 21 Worra qaro'oo fi qaruuxee ifi seyuuf aanne'e! \p \v 22 Worra daadhii woyni'ii uniisatti jannoota te'aneef, worra untoo macheessitu wolitti makiisaan beekkameef aanne'e! \v 23 Worra safuu fudhatee yakkaamessa bilisa baasu, worra yakkaa hin qanne haqa dhooggatuuf aanne'e! \v 24 Isaan seera Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade didanee, jecha Waaqa woyyicha Israa'elii waan tuffataneef, akkuma bobeenni ibiddaa hicaace'ee fi marra gogaa gubee balleessu, akkasuma hiddi isaanii hin shama; daraaraan isaaniille akka buku'uu afuufamee hin bada. \v 25 Tanaaf, aariin Mootii Waan Maraa kolbaa isaa irratti bobeetteerti; inni harka ifii ol fudhatee isaan dhoweera; gaaroti raafamaneeran; reeffi akka kosi'ii karaa keessatti tuulame; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira. \p \v 26 Inni gosa biyya adda addaa, ta fagoo jirtuuf beessisa dhaaba; kolbaa qaccee biyya lafaa jirtu waamiisaaf siissa. Isaanille dafanee ariiti'iin dhufan. \v 27 Isaan keessaa ka dadhabuu fi gufatu, ka muguu fi ka rafu hin jiru; hiituun hidha isaanii hin luttu; hidhaan kophee isaaniille hin citu. \v 28 Daayi isaanii qara qaba; guubeen isaanii marti gad lakkifamiisaaf qophootteerti; kotteen fardoo isaanii akka dhakaa qara qabuu ti; korboon garreettaa isaanii ka fardaan harkifamuu akka hobonbolatti'ii fiiddi. \v 29 Isaan akka neenqaatii fi akka dardaroota neenqaa dhangaa dhowan; waan adansanee qabatane itti gurura'anee, fudhatanee deeman; nami isaan irraa buusu tokkolle hin jiru. \p \v 30 Guyyaa san isaan akka danbalii abbaaya'aa hin bulphisan; kolbaan yennaa lafa ilaaltu, dukkanaa fi rakkinna hin dhaggiti; ifinuu duumensaan hin gollama. \c 6 \s1 Waamamiisa Isaayaasii \p \v 1 Woggaa mootichi Uziyaan du'e, Goottaan barcumaa mootumma'aa dheeraa, ulfinna qabu irra tee'ee, handaarri woyaa isaalle Galma Woyyicha isaa guuteeruun dhagge. \v 2 Dadi ol-gubba'aa ka «Suraafel» jedhamanu isaan gubbaa dhaabbataneeran; tokkoon tokkoon isaanii koola jaa qaban; koola ifii lamaan fuula ifii, koola ifii lamaan miila ifii gollatan; koola ifii lamaan ka'anee deeman. \v 3 Isaan wol wol irraa fuudhaa, \q1 «Woyyu'u! Woyyu'u! \q1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade woyyu'u. \q1 Latti duudiin ulfinna isaatiin guutanteerti» jedhane. \p \v 4 Iyya qoonqoo isaaniitiin, \q2 hundeen Galma Waaqaa tachoote; \q2 Galmille aaraan guute. \p \v 5 Anille, «Ani nama hidhiin battootte; kolbaa hidhiin battootte odduu waan le'uuf, ilti tiyyalle Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waan dhaggiteef, ani badeeraa, naaf, aanne'e!» jedhee iyye. \p \v 6 Achiin duuba Suraafeloota san keessaa tokkochi, addee ciinca'aa irra kashila ibiddaa qarapha'aan fuudhee harkatti qabatee, gara kiyya koolaan ka'ee dhufe. \v 7 Inni kashila ibiddaa saniin afaan kiyya tuqee, «Kunoo, kashilli kun hidhii teeti waan tuqeef, yakkaan teeti si irraa kaateerti; cubbuu teetiifille araarri kennameera» naan jedhe. \p \v 8 Achiin duuba qoonqoon Gootta'aa anaan, «Ani eennu erga? Eentu ergaa nuuf dhaqa?» jettuun dhage'e; anille, «Ani kunoo ti. Na ergi!» jedheen. \p \v 9 Maarre inni anaan, «Gara kolbaa tanaa dhaqiitii, ‹Isin caqasiisa hinuma caqattan, ammoo hin hubattanu, ilaaliisa hinuma ilaaltan, ammoo ijjumaa hin dhaggitanu› jedhiin» jedhe. \v 10 Achiin duuba inni anaan, «Qalbii kolbaa tanaa cufi; gurra isaanii duuchi; ila isaaniille cufi; yoo akkas hin te'in, ila ifiitiin ilaalanee, gurra ifiitiin dhage'anee, qalbii ifiitiin hubatanee, deebi'iisaan hin fayyan» jedhe. \v 11 Achiin duuba ani, «Ee, Gootta'a, tun haga yoomii teeti?» jedhee gaafadhe. \p Goottaan deebisee, «Haga qachooti diigamee, namooti keessa le'anu dhabamanutti, haga manooti onee, latti ijjumaa duwwaa teetutti, \v 12 haga ani Mootiin Waan Maraa namoota fagoo ergee, latti ijjumaa ontutti teeti; \v 13 namoota kudhan keessaa tokko lafa san keessatti yoo hafelle, inni hin bada; ammoo akkuma qilxaan yennaa murame jirmi isaa lafa keessatti hafu, akkasuma sanyiin woyyootaalle lafa keessatti akka jirmaa te'anee hin hafan» jedhe. \c 7 \s1 Ergaa Mooticha Ahaaziif Dhutte \p \v 1 Bara akaakoon Uziya'aa ilmi Yotaamii Ahaaz, Yihudaa irratti mootii te'e, mootiin Sooriya'aa Resiinii fi mootiin Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan, Yerusaalem loliisaaf itti duulane; ammoo isii injifatiisa hin dandeenne. \p \v 2 Worri Sooriya'aatii fi worri Efreemii akka wolii galane, mootiin Yihuda'aa Ahaaz yennaa dhage'e, akkuma muki badda'aa qilleensaan raafamu, gadhaan isaatii fi gadhaan kolbaa isaa raafame. \p \v 3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Isaayaasiin, «Atii fi ilmi keeti She'aariyaashub\f + \fr 7:3 \fr*\fqa She'aariyaashub: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa worri hafe hin deebi'a \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*, Ahaaziin wol dhaggiisaaf, gara dhuma anguree\f + \fr 7:3 \fr*\fqa Anguree: \fqa*\ft Angureen karaa bisaan hidha qabame keessa yaa'u.\ft*\f* gatiitti'ii\f + \fr 7:3 \fr*\fqa Gatiitti'ii: \fqa*\ft Gara olii jedhamuulle hin dande'a.\ft*\f* ka karaa fichaa namicha woyaa dhiquu geessu dhaqiitii, \v 4 isaan, ‹Ifi eeggadhu; cadhisi; hin sodaatin. Aarii Resiiniitiin, aarii Sooriya'aatii fi aarii ilma Remaaliya'aa ta akka jirma lamaan ibidda irraa hafanee aaranuutiin, gadhaan keeti hin sheephisin› jedhiin. \v 5 Worri Sooriya'aa, worri Efreemiitii fi ilmi Remaaliya'aa si balleessiisaaf mala dhowanee, \v 6 ‹Kowa'a, biyya Yihuda'aa qabannee bittinneessinee qoodanna. Ilma Xaabe'eliille irratti mootii goona› jedhan. \p \v 7 «Ani Goottaan, Mootiin Waan Maraa ammoo, ‹Malli isaanii kun hin te'u; hin muummowulle'e. \v 8 Mataan Sooriya'aa Damaasqoo, mataan Damaasqo'oo Resiin waan te'eef, woggoota jaatamii shan keessatti Israa'el bittinnoottee, kolbaa biyya tokkoo te'iis isi'ii hin hafa. \v 9 Mataan Israa'elii Samaariya'a; mataan Samaariya'aalle ilma Remaaliya'aa ti. \p «‹Addi'iin yoo hin jabaatin, ijjumaa dhaabbatiisa hin dandeettanu› jedha» jedhe. \s1 Beessisa Marroo Amaanu'elii \p \v 10 Ammalle Mootiin Waan Maraa Ahaaziin, \v 11 «Qilee qile'een jalaatii yookiin gubbaa ol-gubba'aatii beessisa akka si'iif kennu ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti gaafadhu» jedhe. \p \v 12 Ahaaz ammoo deebisee, «Ani hin gaafadhu; Mootii Waan Maraa haga hin ilaalu» jedhe. \p \v 13 Achiin duuba Isaayaas, «Ee sanyii Daawitii, dhage'a'a! Ossa namaa haga ilaaliis isin hanqatee, Mootii Waan Maraa kiyyalle haga ilaaltanii? \v 14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa ifiifuu beessisa isiniif hin kenna; kunoo, durri duudduun ulfoottee, ilma hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu'el\f + \fr 7:14 \fr*\fqa Amaanu'el: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Waaqi nu woliin jira \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*› jettee hin waanti. \v 15 Inni waan hantuu jibbiisa, waan dansaa filatiisa yennaa beeketti, dhadha'aa fi damma hin nyaata. \v 16 Mucaan kun waan hantuu jibbiisa, waan dansaa filatiisa adoo hin beekiniin dura, latti mootota lamaan ati sodaattuu hin onti. \p \v 17 «Mootii Asoorii si irratti kakkaasiisaan, guyyaa Israa'el Yihudaa irraa gargar baateen jalqabee, bara rakkinnaa ka te'ee hin beenne, Mootiin Waan Maraa si irratti, kolbaa teetii fi sanyii abbootii teeti ta durii irratti hin fida. \p \v 18 «Guyyaa san Mootiin Waan Maraa laga Gibxi'ii ka fago'oo irraa tiiticha, lafa Asoorii irraa kinniisa siiqu'uun sitti hin waama. \v 19 Isaan marti dhufanee dhooqa lafaa keessa, baqaqa rassa'aa keessa, haxanxarii qore'ee mara irraa fi addee boolla bisaanii maratti hin qubatan. \p \v 20 «Guyyaa san Mootiin Waan Maraa, haaduu laga Efraaxiisiitiin gamaa kireeffate, mootii Asooriitiin, rifeensa keessan ka mata'aatii fi ka nafaa, areeda keessanille hin haada. \p \v 21 «Guyyaa san nami tokko goronsa tokkoo fi hoolee lama qofa hin qabaata; \v 22 isaan waan mirganuuf, inni dhadhaa hin nyaata. Worri lafa sanitti hafu marti dhadha'aa fi damma hin nyaatan. \p \v 23 «Guyyaa san addeen muki woyni'ii kum jiru, ta gatiin isi'iille meetii kuma geettu qumi'uudu'uu fi qore'een guutanti. \v 24 Latti sun qore'ee fi qumi'uudu'uun waan guutantuuf, namooti guube'ee fi daaya qabatanee achi hin dhaqanu. \v 25 Qumi'uudu'uu fi qoree sodaatiisaan gara Koobota dur qotto'oon qotantuu haganaa achi hin dhaqanu; kooboti sun addee loonii tikatanuu fi addee hooleen burraaxxu hin teeti» jedhe. \c 8 \s1 Ilmi Isaayaasii Kolba'aaf Beessisa Te'iisa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa anaan, «Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti qubee mudhattuun, ‹Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!› jedhii barreessi» jedhe. \v 2 Anille dhugaa baatota addatamane lama, hayyicha Uriiya'aa fi ilma Yebarekiya'aa Zakaariyaas waammadhe. \p \v 3 Achiin duuba ani gara raagitti'ii dhaqe; isiille ulfoottee ilma deette; Mootiin Waan Maraa anaan, « ‹Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!› jedhii maqaa baasi. \v 4 Mucaan, ‹Abbayyoo› yookiin, ‹Aayyoo› jedhiisa adoo hin baratin, qabeenni Damaasqo'ootii fi boojuun Samaariya'aa mootii Asooriitiin hin fudhatanti» jedhe. \s1 Dhufa Mooticha Asoorii \p \v 5 Mootiin Waan Maraa ammalle natti dubbatee, \v 6 «Kolbaan tun bisaan Silo'aamii ka suuta yaa'u tuffattee, Resiinii fi ilma Remaaliya'aatitti guddoo gammaddeerti; \v 7 tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, mooticha Asoorii ka akka lolaa bisaanii jaba'aa fi hunnaamessaa isaan irratti hin fida; inni akka bisaan laga guuttee danbala'ee lafa irra yaa'uu hin te'a. \v 8 Bisaan sun gara biyya Yihuda'aa yaa'ee, haga morma gewutti guutee, keessa hin dabara; Ee Amaanu'el\f + \fr 8:8 \fr*\fq Amaanu'el: \fq*\fqa Afaan Ibrootaatiin, Waaqi nu woliin jira \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*, akkuma lukkuun cuucuu ifiititti kabbitu, koolli keeti lafa teeti duudii hin golla» jedhe. \p \v 9 Isin gosi biyya adda addaa iyya lolaa kaasa'a; ammoo bututa'a; isin worri fagoo jirtanu duudiin dhage'a'a; lolaaf qophowa'a; ammoo bututa'a; lolaaf qophowa'a; ammoo bututa'a. \v 10 Mari'adha'a; ammoo isiniif hin teetu; karooralle baafadha'a; te'uu malee Waaqi waan nu woliin jiruuf, isiniif hin muummottu. \s1 Mootiin Waan Maraa Raagicha Ifi Eeggachisiise \p \v 11 Mootiin Waan Maraa harka ifii jaba'aan na qabee, natti dubbatee, karaa kolbaan tun ideentu akka ani hin deenne na ifi eeggachiisee, \v 12 «Waan kolbaan tun, ‹Mala hammeennaa ti› jettu, isinille, ‹Mala hammeennaa ti› hin jedhina'a; waan isaan sodaatanu, hin sodaatina'a; wonni isaan naasisulle isin hin naasisin. \v 13 Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade callaan, woyyicha akka te'e qaabadha'a; na callaa sodaadha'a; ana malee womaa isin hin naasisin. \v 14 Achiin ani galma woyyicha hin te'a; mootummaa Israa'eliitii fi mootummaa Yihuda'aatiif ammoo, dhakaa nama gufachiisuu fi rassaa nama jissu hin te'a; worra Yerusaalem keessa le'ulle'eef fonxoro'oo fi tiyyoo hin te'a. \v 15 Isaan keessaa worri hedduun gufatee, jigee hin bututa; isaan fonxoroo seenanee hin qabaman» jedhe. \p \v 16 Dhugaa baya tana eegi; gadhaa barattoota tiyyaa keessatti maxxansi. \v 17 Mootii Waan Maraa ka maatii Yaaqoobii duraa fuula ifii dhoffate, isa hin eegadha; addiille hin godhadha. \p \v 18 Kunoo, anii fi ijoolleen tiyya ta Mootiin Waan Maraa naaf kenne, kolbaa Israa'eliitiif, beessisaa fi baasa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee ka gaara Xiyoonii irra le'uu ti. \p \v 19 Yennaa isaan, «Worra ekeraa dubbisuu fi worra moru ka hasaasuu fi gungumu gaafadha'a» isiniin jedhane, ani ammoo isiniin, «Kolbaan sun Waaqa gaafatiisa lakkittee, marroo worra jiruu worra du'e maaf gaafatti?» jedha. \p \v 20 Worra akka seera kanaatii fi akka dhugaa baya kanaatitti hin dubbanneef latti hin bariitu. \s1 Yennaa Rakko'oo \p \v 21 Kolbaan rakkattee, beelottee lafa irra hin joonjiti; isaan yennaa beelaan gaggabane, aaranee, ol ilaalaa mootii ifiitii fi waaqota ifii hin abaaran. \v 22 Achiin duuba gara lafaa yennaa ilaalanu rakkoo, dukkanaa fi dimimmisa sodaachittu qofa dhaggan; isaan dukkana dimma san keessalle'etti hin gataman. \c 9 \s1 Mooticha Nageyaa Ka Dhufu'uu Jiru \p \v 1 Worri guddoo rakkataa ture haganaa achi, dukkana dimimmisa keessa hin le'u. \p Bara durii inni lafa Zabilooniitii fi Niftaalemii salphise; bara hegerii ammoo inni lafa laga Yordaanosiin gamaa, ta karaa abbaaya'aa biraa, Galiilaa worra Yihudoota hin te'iniitiif ulfinna hin kenna. \q1 \v 2 Kolbaan dukkana keessa leete, \q2 ifa guddaa dhaggite; \q2 worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'eefille \q2 ifi baye. \q1 \v 3 Waaqa, ati gosa baceessiteerta; \q2 gammada isaaniille itti edeeteerta; \q2 namooti yennaa midhaan galfatanu, \q2 boojuulle yennaa qoodamanu akkuma gammadanu, \q2 isaan si duratti hin gammadan. \q1 \v 4 Akkuma bara worri Miidiyaanii injifatame goote, \q2 waanjoo isaanitti ulfaate, \q2 ciiraa gurmuu isaanii irraa, \q2 ulee worra isaan cunqursuulle caccassiteerta. \q1 \v 5 Kopheen loltooti yennaa lolaa keyatanu marti, \q2 woyaan dhiiga keessa gangalfante martinuu \q2 akka qoraanii ibiddaan hin gabbatti. \q1 \v 6 Annuun nuuf dhalateera; \q2 ilmi nuuf kennameera; \q1 Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti; \q2 maqaan isaa, «Gorsaa maade'ee, \q2 Waaqa hunnaamessa, \q2 abbaa bara baraa, \q2 qondaala nageyaa» hin jedhama. \q1 \v 7 Baalliin isaatii fi \q2 nageenni isaa dhuma hin qabanu; \q2 inni barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'ee, \q2 mootummaa isaa hin bulcha; \q2 haqaa fi balchumma'aan dhaabee, \q2 ammaan jalqabee haga bara baraatitti \q2 isii hin jabeessa; \q2 hinaaffaan Mootii Waan Maraa \q2 Ka Waan Mara Dadee, tana hin gooti. \s1 Mootiin Waan Maraa Kolbaa Israa'elii Hin Adaba \p \v 8 Mootiin Waan Maraa jecha mura'aa Yaaqoobitti erge; kunille sanyii isaa kolbaa Israa'elii irratti muummowe. \q1 \v 9 Worri Efreemiitii fi \q2 worri qachaa Samaariya'aa keessa le'u, \q2 kolbaan marti tana hin beekan; \q2 isaan kooriisaa fi bondhooriisaan, \q1 \v 10 «Dalleenni faara loobameen ijaarame jige; \q2 nuuti ammoo \q2 dhakaa bocameen deebinnee hin ijaarra. \q1 Muki harru'uu murameera; \q2 nuuti ammoo addee muka harru'uu \q2 muka hindheensaa hin buunna» jedhan. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 nyaapha Resiinii isaan irratti kaase; \q2 diinota isaaniille isaan irratti kakkaase. \p \v 12 Worri Sooriya'aa karaa aduun baatuun, worri Filisxeemotaa karaa aduun seentuun dhufanee, afaan bananee Israa'el kukkutataneeran; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira. \p \v 13 Kolbaan ammoo gara Mootii Waan Maraa ka isaan adabee hin deebine; yookiin Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hin barbaadanne. \v 14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa worra akka mata'aatii fi eege'ee, worra akka damee muka meexxi'iitii fi allaadu'uu guyyaa tokkotti Israa'el keessaa hin balleessa; \v 15 mataan sun jaarsole'ee fi worra ulfinna qabu; eegeen raagota soba nama barsiisanu. \v 16 Worri kolbaa tana sooressu isaan dokonkorseera; worri isaaniin sooreffamulle karaa irraa joonjayeera. \v 17 Isaan marti worra Waaqa malee le'uu fi waan hantuu huju; marti isaaniituu waan hantuu dubbatan; tanaaf Mootiin Waan Maraa dargaggoota isaaniititti hin gammadu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef, haadhotii hiyyeessotaatiifille hin mararu; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira. \v 18 Hammeenni kolba'aa akka ibidda qumi'uudu'uu fi qoree gubuu ti; gongomaa ciggaa qabatee, aarri isaa akka utuba'aa dhaabbata. \v 19 Aarii Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin latti hin gubatti; kolbaalle akka qoraan ibiddaa hin teeti; obboleessa ifii ka baasuu dande'u tokkolle hin jiru. \v 20 Harka middichaan hin kukkutatan; ammoo beeluma qaban; harka bitaachaan hin nyaatan; ammoo hin quufanu; tokko tokkoon isaanii foon ijoollee ifii hin nyaatan. \v 21 Kolbaan Minaase'ee kolbaa Efreemii nyaatti; kolbaan Efreemiille kolbaa Minaase'ee nyaatti; isaan lamaanuu gosa Yihuda'aa irratti hin ka'an; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira. \c 10 \p \v 1 Worra seera haqa hin te'in, sirna nama cunqursu baasuuf aanne'e! \v 2 Worra mirga hiyyeeyyi'ii dhiibuuf, kolbaa tiyya ta cunqurfante worra haqa dhoogguuf, karra haadha hiyyeessaa worra saamuuf, ijoollee abba'aa fi haadha hin qanne worra saamuuf aanne'e! \v 3 Guyyaa adabbi'ii, balaan fagoo irraa yennaa isinitti dhufu maan gootan? Qarqaarsa dhaggatiisaaf gara eennuu baqattan? Karra teessanille eessa dhoffatan? \v 4 Worra booji'ame odduu, yookiin ka ijjeefame jalatti gatamiisa malee, womaa isiniif hin hafu; tun marti teetulle inni aarii ifii hin qabbaneeffanne\f + \fr 10:4 \fr*\fqa Hin qabbaneeffanne: \fqa*\fqa Yookiin hin caffanne\fqa*\f*; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira. \s1 Waaqi Worra Asoorii Hin Adaba \p \v 5 Waaqi, «Uleen aarii tiyyaatii fi ciiraan mufii tiyyaa, ka harka jiru, mootii Asooriitiif aanne'e! \v 6 Ani akka inni isaan saamu, akka isaan booji'u, akka dhoqqee karaa keessaa akka inni isaan dhidhiitu, biyya Waaqa malee leetu, ta aariin tiyya irra jirtutti isa hin erga. \p \v 7 «Mootiin Asoorii ammoo tana hin yaadanne; tun waan inni qalbii ifii keessaa qabuu moti; te'uu malee, inni balleessiisaaf, gosa biyya adda addaa hedduu fixiisaaf karoorfate. \v 8 Inni, ‹Ajajjooti loltoota tiyyaa marti moototaa motii ree? \v 9 Qachaan Kaalno'oo akkuma qachaa Karkemiishii, qachaan Haamaatii akkuma qachaa Arphaadii, qachaan Samaariya'aa akkuma qachaa Damaasqo'ootii motii ree? \v 10 Ani mootummoota waaqoti dharaa keessa guutane, mootummoota fakkii Yerusaalemiitii fi Samaariyaa caalanu akkuma qabadhe, \v 11 qachaa Samaariya'aatii fi waaqota dharaa isi'ii akkuma godhe, Yerusaalemii fi waaqota dharaa isi'iille akkasuma hin godhuu ree?› jedha» jedhe. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa gaara Xiyooniitii fi Yerusaalem irratti, hujii ifii hujee yennaa fixe, «Mootichi Asoorii waan kooree ifi ol qabeef, ani isa hin adaba» hin jedha. \p \v 13 Mootiin Asoorii, «Ani nama hubataa waan te'eef, irree tiyya jaddu'uu fi qarummaa tiyyaan tana mara godhe; meessaa gosa biyya adda addaa diigee, qabeenna isaaniille saamee, mootota isaanii hunna tiyyaan gad buuse. \p \v 14 «Akka nama harka ifii mana simbirre'ee keessa keyee, quuphaa isi'ii wolitti qabuu, ani harka kiyya diriirsee, karra gosa biyya adda addaa wolitti qabe; isaan keessaa tokkolle haguma sinbirreen koola ifii tachoottuu ka tacho'e hin jiru; haguma afaan simbirre'eelle ka iyye hin jiru» hin jedha. \p \v 15 Agaraan nama isumaan muka muru irratti hin bondhooraa ree? Magaaziin nama isumaan muka baqassu irratti ifi hin jajjii ree? Tun adoo teetu teete, akka waan uleen abbicha isii qabatu san mirmirsituu ti; yookiin akka ciiraan abbicha isa qabatuun ani mukaa moti jedhuu ti. \p \v 16 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, Goottaan Waan Mara Dande'u, loltoota ifii worra Asoorii gagabboo irratti dhukkuba huqqisu hin erga; ulfinna isaa guddaa jalalle'ee, holotaan akka bobe'a ibidda bobe'uu hin gabbata. \v 17 Ifi Israa'elii Waaqi, akka ibiddaa, Waaqi woyyichi Israa'elii akka bobe'a ibiddaa hin te'a; inni guyyaa tokko keessatti qore'ee fi qumi'uuduu gubee hin fixa. \v 18 Akkuma nami dhibamaan huqqatee du'u, gongomaan isaatii fi fichaan laafaan isaa ijjumaa hin badan. \v 19 Muki gongomaa isaa keessatti hafu guddoo diqqaa hin te'a; mucaan diqqaanuu laakkowee fixuu hin dande'a. \s1 Israa'eloota Baraaree Hafane \p \v 20 Guyyaa san worri Israa'elii keessaa baraaree hafane, worri mana Yaaqoobii keessaa lubbu'uun hafanelle, dhugumaan Mootii Waan Maraa woyyicha Israa'eliititti irkatan malee, deebi'anee ka isaan injifatetti hin irkatanu. \v 21 Sanyii Yaaqoobii keessaa worri baraaree hafe, gara Waaqa hunnaamessaa hin deebi'an. \v 22 Ee Israa'el! Kolbaan teeti akka maansa abbaaya'aa yoo teetelle, isaan keessaa baraaree qofattuu deebi'a; badiin murteeffanteerti; muraan Waaqaa ta haqaa irraan hin dhangalaati. \v 23 Mootiin Waan Maraa, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, badii murteeffante san lafa duudii irratti hin fida. \s1 Mootiin Waan Maraa Asoor Hin adaba \p \v 24 Tanaaf Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dande'u, «Ee kolbaa tiyya, ta Xiyoon keessa leetanu, akkuma worri Gibxi'ii dur isin godhe, worra Asoorii ka ule'een isin tumuu fi ciiraa isinitti fudhatu hin sodaatina'a. \v 25 Aariin ani isinitti aare, yennaa diqqo'oon duuba hin dhaabbatti; aariin tiyya isaan balleessiisaaf, isaanitti garagalti. \v 26 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, rassaa Horeeb biratti worra Miidiyaanii akkuma dhaane, liche'een isaan hin dhaana; inni Gibxii keessatti akkuma godhe, ulee ifii bisaan irratti ol hin fudhata. \v 27 Guyyaa san ba'aan isaanii gurmuu teessan irraa hin kaati; waanjoon isaaniille morma keessan irraa hin ka'a; isin waan furdattaneef, waanjoon hin caba» jedha. \s1 Balaa Worri Asoorii Buuse \p \v 28 Loltooti Asoorii gara qachaa Aayii hin dhufan; Miigroon keessa dabaranee meya ifii Miikmaashi keessatti hin tuulatan. \v 29 Karaa irra dabaranelle Gebaa geyanee achi hin bulan; worri qachaa Raama'aa nayanee hin hollatan; worri qachaa Saa'olii ka Giibe'aa keessa le'u hin baqatan. \v 30 Ee kolbaa Galiim, iyya'a! Ee worra Laa'iishii, dhagge'a'a! Ee worra Anaatotii, jalaa qaba'a! \v 31 Worri Madmaanaatii baqatiisatti jira; worri Gebiimiille dhokatiisaaf hin baqatan. \v 32 Loltooti guyyaa adhaa qachaa Nobii hin geyan; isaan gaara kolbaa Xiyooniititti, kooba Yerusaalemiititti irree ifii hin raasan. \p \v 33 Kunoo, Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dande'u, hunna ifii guddo'oon, dameelee hin caccassa; muki dhedheeraan hin murama; ka caalaa dheeratulle gad hin qabama. \v 34 Inni gongomaa ciggaa agara'aan hin mura; muki Libaanonii gugurdaan hunnaamessa duratti hin jigan. \c 11 \s1 Mootummaa Nageyaa \p \v 1 Akkuma jirmi quunxee damee baasu, \q2 sanyii Iseyii keessaa mootiin haarenni hin ka'a. \q1 \v 2 Ayyaanni Mootii Waan Maraa \q2 Ayyaanni qarumma'aatii fi hubanti'ii \q1 Ayyaanni gorsaatii fi hunnaa \q2 Ayyaanni beekkumsaatii fi \q2 Mootii Waan Maraa sodaatiisaa \q2 isa irratti hin bu'a. \q2 \v 3 Inni Mootii Waan Maraa sodaatiisaan \q2 hin gammada. \q1 Akkuma ilaan dhagge hin muru; \q2 yookiin akkuma gurraan dhage'e hin murteessu; \q2 \v 4 worra hiyyeeyyi'iif ammoo \q2 balchumma'aan hin mura; \q2 worra deega'aaf haqaan hin mura; \q2 dubbii afaan isaa keessaa baatu \q2 ta akka ule'eetiin biyya lafaa hin dhowa; \q2 hafuura afaan isaa keessaa bayulle'een \q2 worra hamoolee hin ijjeesa. \q1 \v 5 Balchumma'aa fi addatamummaan \q2 akka hiituu hidha isaa ti. \b \q1 \v 6 Yayyiin ilmayyoo hoole'ee woliin hin leeti; \q2 qeeransi ilmayyoo re'e'ee woliin hin ciisa. \q1 Jabbiin, ilmoolee neenqaatii fi \q2 korommii dardarri woliin hin tikatan; \q2 mucaan diqqaalle isaan hin tissa. \q1 \v 7 Loonii fi doobbaan woliin hin tikatan; \q2 jabbi'ii fi ilmooleen doobba'aa woliin hin ciisan; \q2 neenqille akka qotiyyo'oo hicaacee hin nyaata. \q1 \v 8 Mucaan harma hodhu \q2 boolla dhudhuufa'aa bira hin taphata; \q2 mucaan harma irraa gu'elle \q2 boolla buuti'ii keessa harka hin keya. \q1 \v 9 Akkuma abbaayaan bisaaniin guutantu, \q2 latti beekkumsa Mootii Waan Maraatiin \q2 waan guutantuuf, \q2 waan gaara woyyicha kiyya irra le'u \q2 miidhaan yookiin badiin hin dhaqqaddu. \s1 Kolbaan Booji'ante Hin Deebiti \p \v 10 Guyyaa san sanyiin Iseyii akka beessisaa kolba'aaf hin dhaabbatti; gosi biyya adda addaa isa hin barbaaddi; addeen inni le'ulle ulfinna hin qabaatti. \v 11 Guyyaa san Goottaan yennaa lammeesso'oo harka ifii diriirsee, kolbaa ifii ta biyya Asooriititti, biyya Gibxi'iititti, biyya Faaxrosiititti, biyya Itoophiya'aatitti\f + \fr 11:11 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f*, biyya Elaamiititti, biyya Shiinaariititti, biyya Haamaatiititti, lafa abbaayaa qarqaraatitti baraaree hafane gara biyya isaanii hin deebisa. \v 12 Inni gosa biyya adda addaatiif beessisa hin dhaaba; worra Israa'el keessaa ari'amee baye, worra Yihudaa keessaa bittinnowelle maddii afuriinuu wolitti hin qaba. \v 13 Hinaaffaan Efreemii hin baddi; diinni Yihuda'aalle hin dhumata; Efreem Yihudaa hin hinaafu; Yihudaalle Efreem hin jibbu. \v 14 Isaan lamaanuu wolii galanee gara aduun seentuun Filisxeemota irratti hin ka'an; worra gara aduun baatu le'ulle hin saaman; kolbaa Edoomiitii fi Mo'aabii harkatti hin galfatan; worri Amooniille isaaniif hin ajajaman. \v 15 Mootiin Waan Maraa abbaayaa diintuu Gibxi'ii ijjumaa hin gossa; inni harka ifii laga Efraaxiisii irratti ol kaasee, qilleensa gubuun dhowee, laga didiqqaa torbatti gargar hin qooda; nami kophe'een keessa deemee, gamatti bu'uu hin dande'a. \v 16 Akkuma kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate karaan qopheeffameef, kolbaa isaa worra baraaree hafeefille, Asoorii keessaa bayiisaaf karaan guddaan hin qopheeffama. \c 12 \s1 Faaruu Leellisaa \p \v 1 Guyyaa san ati, \q1 «Ee, Mootii Waan Maraa, \q2 ati natti mufatteertaayyu; \q2 amma mufii teeti na irraa deebittee, \q2 waan na jajjabeessiteef si leellifadha! \q1 \v 2 Dhuguma Waaqi fayyisaa kiyya; \q2 ani isatti hin addadha; \q2 womaalle hin sodaadhu. \q1 Mootiin Waan Maraa hunnaa fi jabeenna kiyya; \q2 inni fayyisaa kiyya naaf te'eera. \q1 \v 3 Isin gammadaan madda fayyinnaa keessaa \q2 bisaan hin woraabbattan» hin jetta. \p \v 4 Yennaa san isin, \q1 «Mootii Waan Maraa galateeffadha'a; \q2 maqaa isaalle waammadha'a! \q1 Gosa biyya adda addaa keessatti \q2 hujii isaa beessisa'a; \q2 guddinna maqaa isaalle lallaba'a. \q1 \v 5 Inni waan guddoo waan godheef \q2 faaru'uun isa leellisa'a; \q2 waan inni godhelle \q2 biyya lafaa mara irratti beessisa'a. \q1 \v 6 Ee kolbaa Xiyoonii, \q2 Waaqi guddaan woyyichi Israa'elii, \q2 odduu teessan waan jiruuf, \q2 ilillisaa gammadaan faarsa'a» hin jettan. \c 13 \s1 Waaqi Baabilon Hin Adaba \p \v 1 Ergaan ilmi Amosii Isaayaas marroo Baabiloniitiif dhagge asii gad jirti; \p \v 2 Kooba womaa irratti hin lanne irratti beessisa dhaaba'a! Loltoota iyya'aa waama'aatii, karra qondaaltotaatiin akka seenanu, harkaan itti akeeka'a. \p \v 3 Ani worra injifatiisa kiyyatti gammadu, woyyoota tiyya ajajeera; akka aarii tiyya muummessanu loltoota tiyya waameera. \p \v 4 Hogaa gaara irraa, ka akka kolbaa bindilla'aa caqasa'a! Caanca odduu mootumma'aa, ta akka gosa biyya adda addaa ta wolitti qabantee caqasa'a! Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, lolaaf loltoota ifii wolitti qabatiisatti jira. \v 5 Isaan lafa fago'ootii fi qaccee biyya lafaatii hin dhufan; Mootiin Waan Maraa meya mufii ifii kanaan lafa duudii hin balleessa. \p \v 6 Guyyaan Mootii Waan Maraa waan dhikaateef, wiiccifadha'aatii bowa'a; Ka Waan Mara Dande'u biraa badiin hin dhutti. \v 7 Tanaaf harki nama maraa hin laashowa; gadhaan nama maraalle akka gaga'aa soda'aan hin sheephisa. \v 8 Isaan hin bararaqan; gaargallii fi muddam isaan hin dhaqqaba; akka dubartii ciniinsifattuu hin ciniinsifatan; isaan soda'aan wol ilaalan; fuulli isaaniille akka bobe'a ibiddaa hin diimata. \v 9 Kunoo, guyyaan Mootii Waan Maraa gadhi-jabeessa; guyyaan sun lafa onsiisaaf, cubbaalleyyiille lafa irraa balleessiisaaf, mufi'ii fi aarii bobeettuun hin dhufa. \v 10 Urjooti ol-gubba'aatii fi tuuti isaanii hin ifanu; aduun bayiisatti jirtulle hin dukkanootti; ji'ille hin ifu. \p \v 11 Mootiin Waan Maraa, «Ani biyya lafaa hammeenna isi'iitiif, worra hamoolee cubbuu isaaniitiif hin adaba; koora worra ifi saaduu hin balleessa; ifi jajiisa worra bondhooruu gad hin qaba. \v 12 Nami worqii qullu'uu fi worqii Ofiirii caalaa kaso'otti akka hin dhagganne godha. \v 13 Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade guyyaa mufii tiyyaatii fi aarii tiyya ta bobeettuu ol-gubbaa hin raasa; lattille addee ifii irraa akka tachootu hin godha. \p \v 14 «Akka buddannee nami ari'uutii fi akka hoolee tissee hin qannee, nami marti gara kolbaa ifii hin deebi'a; gara lafa ifiille hin baqata. \v 15 Ka booji'ame marti hin woraanama; ka qabame marti shallaaga'aan hin ijjeefama. \v 16 Daa'immaan isaanii ila isaanii duratti hin hohoocaman; manni isaanii hin saamama; dubartii isaaniille hunnaan woliin hin rafa. \p \v 17 «Kunoo, ani worra Medoonii ka meetii tuffatu, ka worqiille'etti hin gammanne isaanitti hin kakkaasa. \v 18 Guubeen isaanii dargaggoota isaanii hin ijjeetti; daa'immaaniif hin mararanu; ijoolle'eefille hin nayanu. \v 19 Baabilonii dooqa mootummootaa, ulfinnaa fi koora worra Baabilonii ta teete, ani Mootiin Waan Maraa akkuma Sodoomii fi Gomora'aa hin balleessa. \v 20 Dhalootaa haga dhalootaatitti nami achi keessa ijjumaa hin qubatu yookiin hin le'u; nami biyya Arabaa achi keessatti dunkaanii hin dhaabbatu; tissitootille hoolee ifii achi keessa hin tiffattu. \v 21 Bineensoti ammoo achi keessa hin ciisan; mandhee isaanii keessa jeedalti hin guutti; urunguulle achi keessa hin leeti; godaalle\f + \fr 13:21 \fr*\fqa Godaa: \fqa*\ft Godaan kun bineensa re'ee fakkaatu.\ft*\f* achi keessa hin burraaqa. \v 22 Mana worra jajjabaa keessaa yayyiin hin dutti; mana mootumma'aa ka Baabilonii dadansaa keessaa jeedalti hin iyyiti; yennaan Baabilonii geetteerti; guyyaan isi'iille dhikaateera» jedha. \c 14 \s1 Kolbaan Israa'elii Boojuu Irraa Hin Deebiti \p \v 1 Mootiin Waan Maraa sanyii Yaaqoobiitiif hin marara; ammalle Israa'eloota filee lafa isaanii keessa akka le'anu hin godha; worri ormaa dhufee, Israa'eloota woliin le'anee, sanyii Yaaqoobii woliin tokko hin te'an. \v 2 Gosi biyya adda addaa Israa'eloota fuutee, addee isaaniititti hin deebitti; kolbaan Israa'elii lafa Mootii Waan Maraa keessatti gosa biyya adda addaa san garbichaa fi garbittii hin godhatan; isaan worra dur isaan booji'e hin booji'an; worra dur isaan cunqurselle hin bulchan. \s1 Mootiin Baabilonii Hin Jiga \p \v 3 Yennaa Mootiin Waan Maraa farra keessaa, rakko'oo fi garbummaa keessaa baasee, isin foorfachiisu, \v 4 Isin mootii Baabilonii irratti murgaa, «Mootiin nu cunqursaa ture attam attam jige! Aariin isaalle attam attam badde! \v 5 Mootiin Waan Maraa ulee worra hamoole'eetii fi bokkuu bulchitootaa caccasseera. \v 6 Mootiin Baabilonii adoo gargar hin kutin aari'iin kolbaa dhowee, gosa biyya addaalle marartii malee bulche. \v 7 Amma biyyi lafaa duudiin fooraa fi nageya dhaggatte; gammadaan ilillitte. \v 8 Hindheensii fi birbirsi Libaanoniituu gammadaan, ‹Eega ati jidde, nami nu muriisaaf dhufu hin jiru› hin jedhan. \p \v 9 «Yennaa ati gara addee worri du'e jiru gad buutu, addeen worri du'e jiru sun qirqirtee si fudhatti; ekeraa worra du'eetii fi sooressitoota biyya lafaa ta dur duute dammassite; mootota gosa biyya adda addaa ta dur duute duudiille, barcumaa mootummaa isaanii irraa nageya akka si fuudhanu ol kakaatte. \v 10 Isaan martinuu deebisanee, si'iin, ‹Atille akkuma keenna dadhaddeerta! Akkuma keenna teeteerta! \v 11 Koorri keeti qoonqoo kiraara keeti guddichaa woliin gara addee worri du'e jiruu gad bu'eera; qu'een afinaa keeti; corroxxi uffana keeti› hin jedhan» hin jettan. \p \v 12 Ee, bakkalcha bari'ii, ilma ganamaa, attam attam ol-gubbaa irraa gad buute! Ati ka mootota gosa biyya adda addaa gad qadde, amma attam attam lafatti gad gatante! \v 13 Ati gadhaa keeti keessatti, «Ani gara ol-gubba'aa hin baya; barcumaa mootummaa kiyyaalle urjoota Waaqaatiin gubba'aatti hin godhadha; barcumaa mootumma'aa kiyya ka gaara yaa'ii waaqotaa, gara kaabaa qaccee irra jiru irra hin tee'a. \v 14 Qaccee duumensaa gubba'atti hin baya; Ol-Aanaa ifi hin godha» jetteertaayyu. \v 15 Ammoo gara addee worri du'e jiruu, qilee boollaa keessa gad buuteerta. \p \v 16 Worri du'e si dhagge baaseffatee, «Kun namicha lafa tachoosee, mootota raase, \v 17 ka biyya lafaa goomolee godhee, qachoota isi'ii diige, worra booji'e gara biyya ifii akka hin galle ka dhooggee motii?» si'iin hin jedhan. \v 18 Moototi gosa biyya adda addaa marti du'anee, tokko tokkoo isaanii addee awwaala ifiititti ulfinnaan awwaalamaneeran. \v 19 Ati ammoo akka damee jibbatantee, addee awwaalaa keessaa baafantee gatanteerta; reeffi keeti reeffa worra shallaaga'aan woraanamee ijjeefameen, boolla dhaka'aa keessatti gollameera; ati akka reeffa miilaan dhidhiitamuu ti. \v 20 Ati lafa teeti balleessitee, kolbaa teeti waan ijjeetteef, isaan woliin hin awwaalantu; sanyii worra hantuu hujjuu, maqaan ijjumaa deebi'ee hin waamamu. \v 21 Isaan ka'anee lafa dhaalanee, qachaa ifiitiin lafa akka hin guunne, sababa yakkaa abbootii isaaniitiif ilmaan isaanii fixiisaaf addee isaaniif qopheessa'a. \s1 Waaqi Worra Baabilonii Hin Balleessa \p \v 22 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani isaan irratti hin ka'a; maqaa Baabiloniitii fi kolbaa isi'ii, ilmaan isi'iitii fi sanyii isi'ii hin balleessa. \v 23 Baabilon mandhee dhaddo'ootii fi lafa caffa'aa hin godha; haxowwi'iin haree isii hin balleessa. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbadheera» jedha. \s1 Waaqi Worra Asoorii Hin Balleessa \p \v 24 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kakatee, «Akka ani yaade hin teeti; akka ani murteesse hin muummotti. \v 25 Ani worra Asoorii lafa tiyya keessatti hin butucha; gaara kiyya irralle'etti isaan irra hin sirba; waanjoon isaanii kolbaa tiyya irraa hin fuudhama; ba'aan isaaniille gurmuu kolbaa tiyyaa irraa hin buuti. \v 26 Yaadi ani biyya lafaa duudi'iif yaade kana; harki gosa biyya adda addaa mara adabiisaaf diriirfadhe kana» jedhe. \v 27 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana waan yaadeef, eentu isa dhoogga ree? Inni adabiisaaf harka ifii waan diriirseef, eentu duubatti deebisa ree? \s1 Waaqi Worra Filisxeemotaa Hin Balleessa. \p \v 28 Ergaan bara mootichi Ahaaz du'e himante tana: \v 29 Ee kolbaa Filisxeemotaa, uleen isin dhootte waan caddeef guddoo hin gammadina'a. Sanyii bofaa keessaa buutiin hin dhalatti; ilmoolee isaa keessaa dhudhuufaan akka malee utaalu dhalata. \v 30 Hiyyeeyyiin buuxxiyyeen waan nyaatanu hin dhaggatan; worri deegille yaaddoo malee hin le'an; sanyii teessan ammoo beelaan hin ijjeesa; worra hafanelle hin fixa. \p \v 31 Ee kolbaa karra keessa, wiiccifadha'a! Ee kolbaa qachaa keessaa, iyyi! Ee worra Filisxeemotaa, isin duudiin, sodaadha'aatii sheephisa'a! Loltooti isaa ta gara duubaa hin deebine, gara kaabaatiin waan dhufaneef, worri Filisxeemotaa duudiin soda'aan sheephisa'a. \v 32 Worra gosa san biraa ergamanee dhufanuuf deebii maan kennina? Nuuti isaaniin, «Mootiin Waan Maraa Xiyoon ijaareera; kolbaan rakkatte isii keessatti addee itti baqattu hin dhaggatti» hin jenna. \c 15 \s1 Ergaa Marroo Mo'aabii \p \v 1 Ergaan marroo Mo'aabii ta asii gad jirtu; \p Qachaan Aarii ka Mo'aab keessaa halkan tokkotti diigamee bade; qachaan Qiirii ka Mo'aab keessaalle halkan tokkotti diigamee bade. \v 2 Kolbaan qachaa Diibonii bowiisaaf gara galma ifii gara addee waaqonfanna'aa ol baati. Kolbaan Mo'aabii duudiin marroo qachaa Nebo'ootii fi Medeba'aa guddoo gadditee, mataa ifii haadattee areeda ifii murattee bootti. \v 3 Isaan woyaa gaddaa uffatanee karaa irra deeman; heellichoo mana ifii irratti, badhinnalle'etti bowaa imimmaan dhangalaasan. \v 4 Kolbaan qachaa Heshibooniitii fi Ele'aale hin iyyiti; qoonqoon iyya isaaniille haga qachaa Yaahasiititti hin dhage'anti; tanaaf loltooti Mo'aabii hin iyyiti; gadhaan isi'iille soda'aan hin raafama. \v 5 Gadhaan kiyya qachaa Mo'aabiitiif hin bowa; kolbaan achi keessaa gara qachaa Zo'aariitii fi gara Eglaat-Shelshiiya'aatitti hin baqatti; isaan bowaa gara Luhii ol hin bayan; karaa Horonaayimii irralle'etti marroo badii isaaniitiif gaddaa hin iyyan. \v 6 Bisaan Niimriimii hin goga; marrille hin qoora; biqiltuun baddee wonni bisileen tokkolle hin jiraatu. \v 7 Tanaaf isaan karra horatanee fi waan wolitti qabatane ba'atanee laga olaati'iitiin gamatti hin buufatan. \v 8 Iyyi isaanii haga meessaa Mo'aabiititti hin dhage'anti; wiiccifatiisi isaanii haga qachaa Eglaayimii, gaddi isaaniille haga qachaa Be'er-Eliimii hin dhaqqaba. \v 9 Bisaan qachaa Diibonii dhiigaan hin guuta; ani Mootiin Waan Maraa rakkoo ta caaltu qachaa Diiboniititti hin fida; worra qachaa Mo'aabii keessaa baqatee bayuu fi worra achitti miliqee hafe neenqa itti hin erga. \c 16 \s1 Addii Dhabiisa Mo'aabii \p \v 1 Isin worri Mo'aabii qachaa Shela'aa irraa, karaa goomole'eetiin bulchaa lafaa ka gaara Xiyoonii irratti dhaggamuuf, buruusota hoole'ee erga'a. \v 2 Ijoolleen durraa ta Mo'aabii malkaa Aarnonii irratti akka sinbirroota mana ifii irraa ari'antee, asii fi achi hin joonjan. \p \v 3 Worri Mo'aabii kolbaa Yihuda'aatiin, «Nutti gorsa'a; murtee nu'uuf kenna'a. Aduu saafowaa irraa gaaddisa nu'uuf te'a'a; nu worra isinitti baqatu dhossa'a; dabarsitaneelle nu hin kennina'a. \v 4 Nu worri biyya Mo'aabii keessaa baqanne, odduu teessan qubannuu ti; worra nu balleessu jalalle'ee nu dhossa'a» hin jedhan. \p Worri nama cunqursu lafa irraa hin bada; badiin hin jiraattu; worri nama miidhu lafa irraa hin bada. \v 5 Achiin duuba jaalala bara baraatiin barcumaan mootumma'aa tokko hin dhaabama; sanyii Daawitii keessaa ka addatamu tokko, ka muraa dhuga'aa muruu fi ka waan sirrii te'elle dafee muummessu, irra hin tee'a. \p \v 6 Kolbaan Yihuda'aa, «Kooriisa kolbaa Mo'aabii, bondhooriisa, ifi jajiisaa fi tuffii isi'ii dhageenneerra; kooriisi isi'ii ammoo gatii hin qabu» hin jetti. \p \v 7 Tanaaf kolbaan Mo'aabii wiiccifattee hin bootti; isaan martinuu Mo'aabiif wiiccifatanee hin bowan; isaan sagalee dansaa qachaa Qir-Heresiitii yennaa qaabatane gaddanee hin bowan. \v 8 Fichaan qachaa Heshiboonii keessa jiru, muki woyni'ii Siibmaa keessalle qooreera; woynii dansaa ta haga qachaa Yaazeriitii, haga goomole'eetii fi haga abbaaya'aan gamaa geette, bulchitooti gosa biyya adda addaa irra sirbaneeran. \v 9 Tanaaf akkuma kolbaan qachaa Yaazerii muka woyni'ii Siibma'aatiif bootte, anille hin bowa. Ee, Heshiboon! Ee, Ele'aale! Midhaan muka keessaniitii fi midhaan keessan dhabannaan, ililleettiin yennaa midhaan galfattanuu waan hatteef, ani imimmaan dhangalaasee hin bowa. \v 10 Gammadaa fi ililleettiin fichaa midhaan baasu keessaa dhabante; fichaa woyni'ii keessatti ka geleluu fi ilillisu hin jiru; ani gelelee waan balleesseef, nami woynii cunfu addee woynii itti cunfanu hin jiru. \v 11 Tanaaf gadhaan kiyya Mo'aabiif, keessi kiyyalle Qir-Heresiif, akka qoonqoo kiraara guddichaa gaddaan gunguma. \v 12 Kolbaan Mo'aabii gara addee waaqonfannaa ifii yoo ol baatelle, toluma elootti; daadimatiisaaf gara addee itti waaqonfattuu yennaa dhaxxulle, bu'aa hin qaddu. \p \v 13 Wonni kun waan Mootiin Waan Maraa dur marroo Mo'aabiitiif dubbate. \v 14 Amma ammoo Mootiin Waan Maraa, «Akka woggaa nama yenna'aaf qaxaramee hujuu, ulfinni Mo'aabiitii fi baceenni kolbaa isi'ii woggaa sad keessatti gad hin deebi'a; worri jiru'uun hafelle diqqa'aa fi dadhabaa hin te'a» jedha. \c 17 \s1 Ergaa Marroo Damaasqo'oo \p \v 1 Ergaan marroo Damaasqo'oo ta asii gad jirtu; \p Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, qachaan Damaasqo'oo haganaa achi qachummaan isaa hafee, tuulaa waan bututee hin te'a. \v 2 Qachooti Aro'erii hin onan; addee tika hori'ii hin te'an; nami horii san sodaachisu hin jiru. \v 3 Qachaan dalleya dhaka'aa Efreem keessaa, mootummaalle Damaasqoo keessaa hin baddi; worri Sooriyaa keessatti jiru'uun hafe, akkuma Israa'elootaa hin salphatan. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbadheeraa. \p \v 4 «Guyyaa san, ulfinni Israa'elii gad hin deebi'a; gabbinni nafa isi'iille irraa hin dhumata; \v 5 akka fichaa midhaan irraa haamamee, akka dhooqa Refaa'iimii ta woxoo keessaa qocataneelle hin te'a. \v 6 Akka muka ejersaa ka yennaa hargufanu, qaccee isaa irratti midhaan lama yookiin sad, dameelee isaa irralle'etti midhaan afur yookiin shan hafuu hin te'a. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii tana dubbadheera» jedha. \p \v 7 Guyyaa san kolbaan gara ka isaan Dadee hin ilaalti; ila ifiille gara Woyyicha Israa'elii hin deebifatti. \v 8 Isaan gara addee ciinca'aa ta harka ifiitiin hujatanee, gara utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuutii fi gara addee hixaanaa ta harka ifiitiin hujataneelle hin ilaalanu. \p \v 9 Akkuma qachooti Hiiwotaatii fi Amoorotaa, yennaa Israa'elooti qabatane te'ane, guyyaa san qachooti keessan ka dalleya dhaka'aa qabanulle ona hin te'an; hin diigamanille'e. \p \v 10 Isin Israa'el, Waaqa fayyisaa keessan deetaneertan; rassaa itti baqattanulle hin qaabanne; tanaaf biqiltuu dansa'aa fi biqiltuu biyya ormaa dhaabbatanulle, \v 11 guyyuma dhaabbatane san akka guddatanu gootanee, boruyyaa ganama isiniif daraarulle, guyyaa dhukkubi hin fayyine itti bu'u, waan haammattanu hin qabaattanu. \p \v 12 Hoola! Qoonqoon kolbaa heddu'uu akka abbaayaa bulphittuutii ti; qoonqoon gosa biyya adda addaalle akka shookkettii bisaan gudda'aa ti! \v 13 Kolbaan hedduun akka bisaan yaa'uu shookkittulle, yennaa Waaqi isaan xixu, akka hicaacee kooba irraa qilleensi bittinneessuu, akka bukuu hobonbolatti'iin bittinnoottuu fagoo hin bittinnowan. \v 14 Halkan hin bararaqan; adoo latti hin bari'in hin dhabaman. Worri nu saamu akkasuma hin te'a. \c 18 \s1 Ergaa Marroo Itoophiya'aa \p \v 1 Lafa laga Itoophiya'aatiin\f + \fr 18:1 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* gamaa, ta koolli birrisuutiif aanne'e! \v 2 Latti sun abbaayaa irra, hoboloo allaadduu irraa hujanteen bisaan irra ergantoota ergiti. Isin ergantooti ariiti'iin ideentanu, gara kolbaa dhedheertu'uu, ta gogaan isi'ii lallaafa'aa\f + \fr 18:2 \fr*\fqa Lallaafa'aa: \fqa*\ft Yookiin cululuqa'aa\ft*\f*, ta fago'oo fi dhiko'otti sodaatantuu, gosa hunnaameyyii jajjaba afaan isaanii hin beekkannee, ta latti isaanii laga heddu'uun gargar qoqoodantee dhaqa'a. \p \v 3 Isin kolbaan biyya lafaa marti, ta lafa irra leetanu, yennaa baandiraan gaarota irra dhaabamu hin dhaggitan; tultullaan yennaa afuufamulle hin dhageettan. \v 4 Mootiin Waan Maraa anaan, «Ani addee leetoo tiyyaa irraa, akka ifa o'a adu'uu keessaa calalaquu, o'a yennaa haamma'aa keessa akka duumensa karfaffu'uu, cadhi jedhee gad hin ilaala» jedhe. \v 5 Midhaan woyni'ii adoo hin galchiniin dura, muki woyni'ii daraaraa yennaa buufatu, midhaan woyni'ii yennaa bargoo te'u, billowaan gaaleen isi'iitii fi dameeleen isi'ii irraa muranee akkuma gatamanu, inni kolbaa biyya sanii hin balleessa. \v 6 Reeffi loltoota isaanii allaattii gaaraatii fi bineensota badda'aatiif sagalee hin te'a; allaattiin isaaniin bona hin baati; bineensotille isaaniin ganna hin bayan. \p \v 7 Yennaa san kolbaan dhedheertuun, ta gogaan isi'ii lallaafa'aa, ta fago'oo fi dhiko'otti sodaatantu, gosi hunnaameyyiin jajjabi afaan isaanii hin beekkanne, ta latti isaanii laga heddu'uun gargar qoqoodante, addee Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfamutti, gara gaara Xiyoonii Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef kennansa hin fiddi. \c 19 \s1 Ergaa Marroo Gibxi'ii \p \v 1 Ergaan marroo biyya Gibxi'ii ta asii gad jirtu: \p Mootiin Waan Maraa duumensa ariifata'aan gara biyya Gibxi'ii dhufiisatti jira; waaqoti dharaa ka biyya Gibxi'ii isa duratti hin sheephisan; gadhaan kolbaa Gibxi'ii hin sheephisa. \v 2 Mootiin Waan Maraa, «Ani Gibxoota, Gibxoota irratti, obboleessa, obboleessa irratti, fira, fira irratti, qachaa, qachaa irratti, mootummaa, mootummaa irratti hin kaasa. \v 3 Worri Gibxi'ii guddoo hin sodaata; karoorri isaaniille akka hin muummonne hin godha; isaan waaqota dharaa, ayyaana ekera'aatii fi worra ekeraa dubbisu irraa gorsa hin gaafatan. \v 4 Worra Gibxi'ii harka goottaa gadhaa jabaatutti dabarsee hin kenna; mootiin nama sodaachisulle isaan hin bulcha. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u tana dubbadheera» jedha. \p \v 5 Lagi Nayilii hin goga; bisaanille laga keessaa hin bada. \v 6 Lagi sun hin ajowa; bisaan angure'ee ka Gibxi'iille dhidhatee hin goga; beele'ee fi allaaduun hin qoorti. \v 7 Biqiltuun qarqara Nayilii marti hin qoorti; wonni qarqara Nayiliititti facaafame marti gogee, qilleensaan hin fudhatanti. \v 8 Worri qurxummii guuru hin gadda; worri malxaqqoo ifii laga Nayilii keessa buusu duudiin hin bowa; worri caccoo ifii bisaan keessatti afatu duudiin addii hin kutata. \v 9 Worri fuuttaa baasuu fi worri quncee talba'aa irraa woyaa dhowu addii hin kutata. \v 10 Worri woyaa dhowu kun si'a hin dhaba; worri qaxaramee huju martille hin gaddan. \p \v 11 Qondaaltoti qachaa Zo'aanii ijjumaa gowwoole'e; gorsi qaroolee Fara'oonii gatii hin qabu; isin attam Fara'ooniin, «Nuuti qaroole'e; maatii mootota duriitille'e» ifiin jettanii ree? \v 12 Ee Fara'oon, qarooleen teeti eessa jiran? Isaan waan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, biyya Gibxi'ii irratti yaade sitti himanuu ti. \v 13 Qondaaltoti qachaa Zo'aanii gowwiteerti; qondaaltoti qachaa Memfiisiille sobanteerti; sooressitooti Gibxi'ii gugurdoon kolbaa Gibxi'ii karaa irraa gorsiteerti. \v 14 Mootiin Waan Maraa ayyaana isaan joonjessu isaanitti buuse; isaan akka nama machowee adaala diddiga ifii tittimuu, biyyi Gibxi'ii waan gootu maraan akka tintintu godhaneeran. \v 15 Worri mata'atti yookiin eege'etti, damee muka meexxi'iititti yookiin allaadu'uutitti fakkeeffamane, biyya Gibxi'iitiif waan tokkolle godhuu hin dande'anu. \s1 Worri Gibxi'ii Mootii Waan Maraa Hin Waaqonfatan \p \v 16 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, worra Gibxi'ii adabiisaaf harka ifii yennaa ol fuudhu, Guyyaa san isaan akka dubarti'ii hin te'an; sodaataneelle hin romman\f + \fr 19:16 \fr*\fqa Hin romman: \fqa*\ft Yookiin hin hollata.\ft*\f*. \v 17 Biyyi Yihuda'aa biyya Gibxi'ii hin bararassiti; sababa Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade biyya Gibxi irratti waan hantuu yaadateef, nami maqaa Yihuda'aa dhage'u marti hin bararaqa. \p \v 18 Guyyaa san qachooti biyya Gibxi'ii keessa jiranu shan, ka afaan Kana'aanotaa dubbatanu, maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin hin kakatan; qachoota kana keessaa tokkochi, «Qachaa badi'ii\f + \fr 19:18 \fr*\fqa Qachaa badi'ii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin jechi, «Badii» jedhu, jecha «Aduu» jedhuun wol fakkaata.\ft*\f*» hin jedhama. \p \v 19 Guyyaa san lafa Gibxi'ii wodhakka'atti addeen ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif hin ijaaranti; meessaa lafa Gibxi'ii irralle'etti soodduun isaaf hin dhaabanti. \v 20 Tun lafa Gibxi'ii keessatti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef beessisaa fi dhugaa baya hin teeti; sababa worra isaan cunqursuutiif yennaa isaan gara Mootii Waan Maraa iyyanu, inni fayyisaa isaaniif loluu fi ka diina jalaa isaan baasu isaaniif hin erga. \v 21 Mootiin Waan Maraa worra Gibxi'iititti ifi hin mudhisa; guyyaa san worri Gibxi'iille isa hin beekan; isaan ciinca'aa fi kennansa midhaanii isaaf dhikeessiisaan isa hin waaqonfatan; isaan waadaa isaaf hin galan; waadaa saniille hin muummessan. \v 22 Mootiin Waan Maraa worra Gibxi'ii hin adaba; achiin duuba ammoo isaan hin fayyisa; isaan gara isaa hin deebi'an; innille daadimata isaanii dhage'ee, isaan hin fayyisa. \p \v 23 Guyyaa san karaan biyya Gibxi'iitii ka'ee, haga biyya Asooriititti hin baya; worri Asoorii gara biyya Gibxi'ii, worri Gibxi'iille gara biyya Asoorii hin dhaqan; worri Gibxi'ii worra Asoorii woliin Waaqa hin waaqonfatan. \v 24 Guyyaa san Israa'el biyya Gibxi'iitii fi biyya Asoorii woliin eebba biyya lafaa te'iisaaf, biyya sadeesso'oo hin teeti. \v 25 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kolbaan tiyya ta biyya Gibxi'ii, kolbaan biyya Asoorii ta ani harka kiyyaan dade, kolbaan Israa'elii ta ani filadhelle ka eebbifamane te'anuu ti» jedhee hin eebbisa. \c 20 \s1 Ergaa Marroo Biyya Gibxi'iitii Fi Biyya Itoophiya'aa \p \v 1 Bara ajajaan loltootaa Sargon mootii Asooriitiin ergamee, biyya Ashidoodii lolee qabate, \v 2 yennaa san Mootiin Waan Maraa ilma Amosii Isaayaasitti dubbatee, «Dhaqiitii woyaa gaddaa teeti ifi irraa, kophee teetille miila keeti irraa baafadhu» jedhe; innille akkuma ajajame godhee, woyaa ifi irraa baafatee miila duwwaa ideeme. \v 3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Beessisaa fi ifi eeggachiisiisa biyya Gibxi'iitii fi Itoophiya'aa\f + \fr 20:3 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f*, tajaajilaan kiyya Isaayaas qullaa ifiitii fi kophee miila ifii baafatee woggaa sad akkuma ideeme, \v 4 akkasuma mootiin biyya Asoorii worra Gibxi'ii qabatee, worra Itoophiya'aa\f + \fr 20:4 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* booji'ee, dargaggootaa fi jaarsolee qullaa isaanii, kophee miila isaanii irraa baasee, hudduu qullaa isaan oofee hin ideema; maarre worri Gibxi'ii hin qaanowa. \v 5 Worri Itoophiya'atti\f + \fr 20:5 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* addatee fi worri Gibxi'iin koore, hin sodaata; hin qaanowalle'e. \v 6 Guyyaa san worri qarqara Abbaaya'aa\f + \fr 20:6 \fr*\fqa Qarqara Abbaaya'aa: \fqa*\ft Qarqarri abbaaya'aa kum ka abbaayaa Filisxeemotaa te'uu dande'a.\ft*\f* le'u, ‹Kunoo, worri nuuti mootii biyya Asoorii jalaa akka nu baasanuuf addannee, qarqaarsaaf itti baqanne eega akkas te'e, nuuti attamiin isa jalaa baana ree?› hin jedhan» jedhe. \c 21 \s1 Ergaa Marroo Jinnana Baabilonii \p \v 1 Ergaan marroo lafa goomolee qarqara Abbaaya'aa ta asii gad jirtu: \p Akkuma hobonbolattiin gara kibbaa irraa haxowaa dhuttu, akkasuma lafa goomole'ee ta nama sodaachittu irraa badiin hin dhutti. \v 2 Ani mudhii nama sodaachittu dhagge: Ka nama dabarsee kennu, dabarfamee hin kennama; ka nama saamu hin saamama. \p Ee loltoota Elaamii, ka'a'a! Ee loltoota Medoonii, qachaa marsa'a! Rakkoo Baabilon fidde mara ani hin hambura. \p \v 3 Ani tana yennaa dhage'e, yennaa dhaggelle, hidhi na citee, akka dubartii ciniinsifattuu te'ee, gad gugguufe. \v 4 Gadhaan kiyya raafamee, naasuun na rommisiitte; bariin ani halchu, sodaa guddoo natti teete. \p \v 5 Isaan sagalee qopheessane; itillee afane; nyaatanee unane; dedhuma ajaji, «Isin ajajjooti loltootaa ka'a'a. Wontee teessan zayiti'iin haxowadha'a!» jedhu baye. \p \v 6 Achiin duuba Goottaan anaan, «Dhaqiitii eedduu tokko achi keyi; inni waan dhagge himuu ti. \v 7 Inni garreettota fardaa, ka farda lama lamaan harkifamu, worra harre'ee fi gaala irra tee'ee deemu, yennaa dhaggu, hubatee ilaaluu ti» jedhe. \p \v 8 Achiin duuba eeddichi, «Ee Gootta'a, ani guyyuma guyya'aan xelleephoo irra dhaabbadha; halkan guutuulle dammaqee eega» hin jedha. \p \v 9 Kunoo, nami tokko garreettaa fardaa ka farda lamaan harkifamu irra tee'ee dhufiisatti jira. Eeddichi ammalle «Kunoo, Baabilon jidde! Jidde! Fakkiin waaqota dharaa isi'ii marti bututtee lafa harcaate» jedhe. \p \v 10 Ee kolbaa tiyya, isin worri akka midhaan eeddummee keessatti dhowamee teetane, ani waan Waaqa Israa'elii, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade irraa dhage'e isinitti hima. \s1 Ergaa Marroo Edoomii \p \v 11 Ergaan marroo Edoomiitiif dubbatante asii gad jirti: \p Nami tokko Edoom\f + \fr 21:11 \fr*\fqa Edoom: \fqa*\ft Yookiin Se'iir jedhama.\ft*\f* irraa na waamee, «Eeddicha! Halkan kun yoom bari'inna? Eeddicha! Halkan kun yoom bari'inna?» naan jedhe. \p \v 12 Eeddichille deebisee, «Halkan hin bari'a; ammoo deebi'eelle hin dhiya; waan gaafattu yoo qabaatte \q2 deebi'ii koyiitii gaafadhu!» jedhe. \s1 Ergaa Marroo Arabaa \p \v 13 Ergaan marroo biyya Arabaa ta asii gad jirtu: \p Ee isin daldaltooti Dedaanii, worri daggala Arabaa keessa qubattanu, \v 14 worra dheeboteef bisaan kenna'a. Isin worri biyya Teema'aa, worra baqatee dhufeef sagalee kenna'a. \v 15 Isaan shallaagaa jalaa, guubee dhifante jalaa fi lola o'e jalaa baqataneeran. \v 16 Mootiin Waan Maraa anaan, «Akka nami yenna'aaf qaxaramee hujuu woggaa laakkowatu, ulfinni Qedaarii woggaa tokko keessatti gad hin deebi'a. \v 17 Loltooti jajjabi Qedaarii, ta guube'een loltu, worri lubbu'uun hafe diqqaa hin te'a. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii tana dubbadheera» jedhe. \c 22 \s1 Raaga Marroo Yerusaalemii \p \v 1 Ergaan marroo Dhooqa mudhi'ii ta asii gad jirtu: \p Isin maan teetanee, marti keessan heellichoo manaa gubba'atti ol baatane? \v 2 Ee qachaa caancaan guutame, ee qachaa hoga'aa fi caaqaa, kolbaan teeti shallaaga'aan hin ijjeefanne yookiin lola keessatti hin duune. \v 3 Sooressitooti teeti duudiin adduma tokko baqatane; isaan diina ifiititti guubee takkaalle adoo gad hin lakkisin booji'amane; diinni fagoo adoo jiruu isin worri baqattane martinuu adduma tokko qabantane. \v 4 Tanaaf ani, «Badii kolbaa tiyyaatiif, wiiccifadhee hin bowaa na irraa fagaadha'a; na jajjabeessiisaafille hin wodhaanina'a» jedhe. \v 5 Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u dhooqa mudhi'ii keessatti guyyaa raafama, dhiitamaa fi bararaqa fidu qaba; guyyaa san dalleenni dhaka'aa hin jijjiga; kolbaalle gara koobaa hin iyyiti. \p \v 6 Loltooti Elaamii garreettaa fardaan harkifamu, fardoo irra tee'anuu fi korojoo daayaa qopheessite; loltooti Qiirii wontee qopheeffatte. \v 7 Dhooqi teeti dadansaan garreettaa fardaan harkifamuun guutante; abbootiin fardaa karra qachaa keetii dura dhaabbatte. \v 8 Dalleenni Yihudaan itti gollattu jige. \p Guyyaa san isin gara meya woraanaa ka mana mootumma'aa ka gongomaa Libaanonii keessaa ilaaltane. \v 9 Dalleya qachaa Daawitii ka caccabe hedduu dhaggitane; bisaan baleessa gadii keessaa kuufattane. \v 10 Isin manoota qachaa Yerusaalemii keessa jiranu laakkottane; dalleya qacha'aalle jabeessiisaaf manoota diiddane. \v 11 Bisaan baleessa durii addee itti kuufamu dalleya lamaan wodhakka'atti ijaarrattane. Isin ammoo gara Waaqa tana hujee hin ilaalle; ka dur karoora baasee hujelle'eef ulfinna hin kennine. \p \v 12 Guyyaa san Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u boottanee, wiiccifatanee mataa haadattanee, woyaa gaddaallee akka uffattanuuf isin waame. \v 13 Isin ammoo gammaddanee ilillittanee, sangootaa fi hoolee qalattanee, foon nyaataa, daadhii woyni'iille unaa, «Boru waan duunuuf, kowa'a adha nyaannee, unna» woliin jettane. \p \v 14 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade natti dubbatee, «Dhugumaan yakkaa tanaan duutan malee, araara hin dhaggattanu» jedhe; Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u tana dubbateera. \s1 Waaqi Shebnaa Ifi Eeggachiise \p \v 15 Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, «Gara Shebnaa itti gaafatamaa mana mootumma'aa dhaqiitii, \v 16 ‹Ati asii maan hujja? Asitti addee awwaalaa akka qopheeffattu, kooba irratti addee awwaala akka bocattu, addee reeffi keeti itti foorfatu rassaa keessatti akka qopheeffattu, eentu si'iif eeyyame? \v 17 Ee nama jaba'a! Mootiin Waan Maraa jabeessee si qabee, fugussee si qolaansu'uu jira. \v 18 Inni akka kubba'aa si maree, gara biyya badho'oo si hin qolaansa; ati achitti hin duuta; garreettoti keeti ka fardaan harkifamanu ka ulfinnaa achitti hin hafan; atille mana goottaa keetiitiif salphinna hin teeta. \v 19 Inni addee teeti irraa gad si hin buusa; baallii teeti irralle'ee si hin kaasa› jedhiin. \p \v 20 «Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa tajaajilaa kiyya ilma Hiliiya'aa Eliyaaqim hin waama. \v 21 Ani woyaa ulfinnaa teeti isatti hin uffisa; hiituu teetille isatti hin hidha; baallii teeti dabarsee isaaf hin kenna. Inni worra qachaa Yerusaalemii keessa le'uuf, mana Yihuda'aatiifille abbaa hin te'a. \v 22 Furtuu mana Daawitii isaaf hin kenna; ka inni banu nami tokkolle cufuu hin dande'u; ka inni cufu nami tokkolle banuu hin dande'u. \v 23 Addee addachiittu'utti akka shikaala'aa jabeessee isa hin dongora; inni mana abbaa ifiitiif barcumaa mootumma'aa ka ulfinnaa hin te'a. \p \v 24 «Ulfinni maatii isaa duudiin ijoolleen, ijoolleen ijoollee isaanii, meen didiqqaan mana keessaa, sini'ii jalqabee haga waaba'aatitti isatti hin fannifaman. \v 25 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Togaan addee addachiittu'utti jabaatee dongorame sun buqqa'ee caccabee hin jiga; wonni isatti fannifame marti hin baddi› jedha» jedhe. \c 23 \s1 Raaga Marroo Xiiroosii \p \v 1 Raagi marroo qachaa Xiiroosii asii gad jira; \p Qachaan Xiiroosii diigamee, manaa fi addee buufataa malee waan hafeef, Ee hoboloota gugurdoo Tarshiishii bowa'a! Oduun tun biyya Qophiroosii irraa dhutte. \v 2 Isin kolbaan oddoola leetanuu fi daldaltooti Sidoonii ka worra hobolo'oon abbaayaa irra deddeemiisaan duroontane cadhisa'a. \v 3 Midhaan dhooqa Nayilii Abbaayaa gugurdoo irra Xiiroosiif hin dhufaayyu; kunille galii isi'ii guddoo waan te'eef, Xiiroos dikkoo daldala gosa biyya adda addaa ti. \p \v 4 Ee Sidoon qachaa kushee Abbaaya'aa fokkifadhu; sababille abbaayaan dubbatee, «Ani hin ciniinsifanne; hin deennelle'e; ijoollee dhiiraatii fi ijoollee durraalle hin guddifanne» jette. \p \v 5 Xiiroos akka diigante worri Gibxi'ii yennaa dhage'e, nayanee hin romman. \p \v 6 Ee isin kolbaa oddoola leetanu, gara Tarshiishii gamatti bu'a'aatii wiiccifadha'aa bowa'a. \v 7 Kun qachaa keessan ka durii, qachaa gammadaa, ka namooti achi keessaa gara biyya fago'oo qubatiisaaf dhaqanee motii? \v 8 Qachaa Xiiroosii ka dur ulfinna namaaf kennu, ka daldaltooti isaa akka ilmaan moototaa, ka worri meya isaa gurgurulle biyya lafaa irratti ulfinna qabu karoora kana eentu isa irratti baase? \v 9 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, koora worra qachaa Xiiroosii ka ulfinna qabuu salphisiisaaf, namoota isaa ka biyya lafaa irratti ulfinna qabanu mara gad qabiisaaf, karoora kana baase. \p \v 10 Ee kolbaa Tarshiishii, isin haganaa achi addee buufata hobolo'oo waan hin qabaanneef, akka laga Nayilii lafa teessan irra yaa'a'a. \v 11 Mootiin Waan Maraa harka ifii abbaayaa irra diriirsee, mootummoota isi'ii rommisiiseera; dalleya dhaka'aa ka Kana'aaniille akka diigamuuf ajajeera. \v 12 Inni, «Ee qachaa Sidoonii, ati waan diiganteef, haganaa achi hin gammaddu; gara biyya Qophiroosii gamatti buutulle, foora hin dhaggattu» jedheera. \p \v 13 Kunoo lafa Baabilonii ilaala'a; kolbaan isi'ii kolbaa bu'aa hin qanne teeteerti. Worri Asoorii xelleephoo itti ijaaratanee, dalleya dhaka'aa ka qachaa sanii diiganee, lafa bineensi le'u godhane. \p \v 14 Ee isin worri hoboloota gugurdoo Tarshiishiitiin yaatanu, qachaan keessan ka dalleya dhaka'aa waan diigameef, wiiccifadha'aa bowa'a. \p \v 15 Yennaa san qachaan Xiiroosii bara jiruu mootii tokkoo, woggaa torbaatama hin dedhama. Woggaa torbaatamaan duuba ammoo, sirba dubartii sagaagaltitti'ii keessatti, \v 16 «Ee dubartii sagaagaltittii dedhante, kiraara guddicha keeti fudhadhuutii qachaa keessa ideemi; akka si qaabatanuuf kiraara keeti guddicha akka dansaa dhowadhuutii, sirba bacaa sirbi» ta jedhante qachaa Xiiroosii irratti hin teeti. \p \v 17 Woggaa torbaatamaan duuba Mootiin Waan Maraa Xiiroos hin yaadata; isiin sagaagala ifii ka qaraatitti deebitee, daldala ifiitiin mootota biyya lafaa duudii woliin hin sagaagalti. \v 18 Bu'aan isi'iitii fi wonni isiin dhaggattu duudiin ammoo, ka Mootii Waan Maraatiif adda baafame te'a malee, wolitti qabamee hin kuufamu; worri Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf fuula isaa dura dhaabbatu sagalee baca'aa fi woyaa dansaa ittiin bitatan. \c 24 \s1 Mootiin Waan Maraa Biyya Lafaa Hin Adaba \p \v 1 Kunoo, Mootiin Waan Maraa biyya lafaa duwwaa godhee onsa; inni lafa gara balleessee, worra lafa irra le'u hin bittinneessa. \v 2 Wonni kolbaa irratti te'u, hayyicha irralle'etti hin te'a; wonni garbicha irratti te'u, goottaa isaa irralle'etti hin te'a; wonni garbittii irratti te'u, giittii isi'ii irralle'etti hin te'a; wonni nama bitatu irratti te'u, nama gurguratu irralle'etti hin te'a; wonni nama ergifatu irratti te'u, nama ergisu irralle'etti hin te'a; wonni nama liqeeffatu irratti te'u, nama liqeessu irralle'etti hin te'a. \v 3 Mootiin Waan Maraa dubbii tana waan dubbateef, latti guutumatti saamantee ijjumaa ona hin teeti. \p \v 4 Latti goddee wonni isii irraa qoorti; biyyi lafaa qom'oortee hin qoorti; qondaaltoti biyya lafaa hin qom'oorti. \p \v 5 Kolbaan biyya lafaa irra leetu seera Mootiin Waan Maraa eegatiisa, seerata isaa hordofuu diddee, gondooroo isaa ta bara baraa diiddee lafa batteessiteerti. \v 6 Tanaaf abaarsi biyya lafaa hin balleessa; kolbaan isi'iille yakkaa ifiitiif hin adabanti. Tanaaf kolbaan lafa irra leetu gubattee, worri diqqaan callaan hafeera. \v 7 Daadhiin woyni'ii haaretti dhumatte; muki woyni'iille goge; worri dur gammadu duudiin aade. \v 8 Qoonqoon dibbe'ee ta nama gammachiittu hatte; hogaan worra firinxiixuu cadhi jedhe; qoonqoon kiraara guddichaalle hatte. \v 9 Haganaa achi nami daadhii woyni'ii sirbaa hin unu; untoon nama macheessitu, worra unutti hin hadhootti. \v 10 Qachaan diigamee hin ona; eennulle akka hin seenne, seensumi mana maraa hin cufama. \v 11 Karaa irratti daadhii woyni'iitiif hin iyyan; gammadi gara gaddaa deebi'e; ililleettiin biyya lafaa keessaa badde. \v 12 Qachaan onee hafeera; karrille caccaddee bututteerti. \v 13 Maarre biyyi lafaatii fi gosi biyya adda addaa, akka muka ejersaa ka midhaan isaa irraa hargufameetii fi akka midhaan unkuruura muka woyni'ii irraa guuramee woxoon hafuu hin te'an. \p \v 14 Worri badii irraa hafe qoonqoo ifii ol qabatee, gammadaan hin ilillisa; worri gara aduun seentuu, guddinna Mootii Waan Maraa hin odeessa. \v 15 Worri gara aduun baatuulle Mootii Waan Maraatiif ulfinna hin kennan; worri oddoola keessa le'ulle maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin leellisan. \v 16 Qaccee biyya lafaa irraa faaruu leellisaa ta, «Ulfinni Waaqa balcha'aaf te'u» jettu hin dhageenna. Ani ammoo deebisee, «Ani huqqadhe! Ani huqqadhe! Aanne'e naaf! Worri maltooleen dabarsanee kennane; maltooleen maltummaa ifiitiin dabarsanee kennane» jedhe. \v 17 Ee, kolbaa biyya lafaa! Bararaqi, boollii fi tiyyoon isin eegatti. \v 18 Nami qoonqoo bararassitu baqatu, boolla keessa hin bu'a; nami boolla keessaa ol bayu tiyyo'oon hin qabama. Roobi hamaan ol gubba'aa hin rooba; hundeen lafaalle hin tachooti. \v 19 Latti dhodhootee, babbaqaxxee akka malee tatachoote. \v 20 Latti akka nama machowee hin tintinti; akka gosee qilleensa keessaa hin raafanti; yakkaan isi'ii waan itti ulfaatteef hin jiddi; ijjumaa deebitee hin kaatu. \p \v 21 Yennaa san Mootiin Waan Maraa hunna ol-gubba'aa maraa fi bulchitoota lafa irraa hin adaba. \v 22 Isaan akka namoota boolla keessatti hidhamaneeranuu, wolitti qabaman; haga yennaan isaan adabamanu geettutti manni hidha'aa isaanitti cufamee achi turan. \v 23 Mootiin Waan Maraa ka Waan Dade gaara Xiyoonii irratti, Yerusaalem keessatti mootii waan te'uuf, ji'aa fi aduun hin dimimmisan; jaarsoleen kolba'aalle ulfinna isaa hin dhaggiti. \c 25 \s1 Faaruu Leellisaa \q1 \v 1 Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa kiyya; \q2 ani si hin jajadha; maqaa keetille hin leellifadha; \q2 waan maade'ee ka dur yaadde \q2 addatamumma'aan muummessiteerta. \q1 \v 2 Ati qachaa san tuulaa rassa'aa gooteerta; \q2 dalleya dhaka'aa ka qachaa saniille diiddeerta. \q1 Manni mootumma'aa ka alagaan ijaare \q2 haganaa achi hin jiraatu; \q2 ijjumaa deebi'eelle hin ijaaramu. \q1 \v 3 Tanaaf gosi biyya adda addaa jajjaboon \q2 ulfinna si'iif hin kenniti; \q2 qachooti gosa biyya adda addaa \q2 ta gadhaa jabaattuu si hin sodaatan. \q1 \v 4 Ati hiyyeessaaf addee itti baqatu, \q2 rakkata'aaf yennaa rakkinnaa addee itti baqatu, \q2 yennaa bokkeya bubbe'ee addee jalatti qophatanu, \q2 yennaa o'a adu'uulle gaaddisa teeteertaaf. \q1 Wonni afaan worra gadhaa jabaatuu keessaa bayu, \q2 akka bokkeya bubbe'ee \q2 ka dhaaba manaa dhowuutii fi \q2 \v 5 akka o'a goomole'ee ti. \q1 Akkuma duumensi o'a qabbaneessu, \q2 ati hogaa alaga'aa cadhi hin goota; \q2 faaruun isaaniille hin hatti. \s1 Areertii Waaqi Qopheesse \p \v 6 Mootiin Waan Maraa Ka Waan mara Dade, gaara Xiyoonii irratti gosa biyya adda addaa maraaf, daadhii woyni'ii ta baate, foon coomaa fi daadhii woyni'ii dansaa areertii hin qoheessa. \v 7 Inni gaara kana irratti gollaa gaddaa ka gosa biyya adda addaa mara golle hin balleessa. \v 8 Goottaan, Mootiin Waan Maraa haga bara baraa du'a hin balleessa; inni ila nama duudi'ii irraa imimmaan hin haqa; salphinna kolbaa ifii biyya lafaa duudii irraa hin fageessa. Mootiin Waan Maraa tana dubbateera. \p \v 9 Yennaa san kolbaan, «Dhuguma inni Waaqa keenna; nuuti isatti addannee, innille nu fayyise; Mootiin Waan Maraa ka nuuti itti addanne, isa kana; kowa'a fayyisiisa isaatitti gammannee ilillinna» hin jetti. \s1 Waaqi Mo'aab Hin Adaba \p \v 10 Harki Mootii Waan Maraa gaara Xiyoonii hin eega; kolbaan Mo'aabii ammoo, akkuma hicaaceen dhoqqe'een dhiitantu, miila isaa jalatti hin dhiitaman. \v 11 Isaan akka nami bisaan daaku harka ifii badhifatu, dhoqqee san keessatti harka ifii hin badhifatan; Mootiin Waan Maraa ammoo maltummaa isaaniitiin adoo hin sobamin, koora isaanii gad hin qaba. \v 12 Inni dalleya dhaka'aa dheeraa ka qachaa Mo'aabii gad qabee, lafatti buusee, bukuu irratti hin jissa. \c 26 \s1 Faaruu Injifacha'aa \p \v 1 Yennaa san faaruun asii gad jirtu lafa Yihuda'aa keessatti hin faarfanti: \q1 «Nuuti qachaa jabaa qanna; \q1 Waaqi dalleya dhaka'aatii fi \q2 kushee qacha'aa saniin nu hambure. \q1 \v 2 Kolbaan balchittiin \q2 ta dhugeeffannaa ifii eegatte akka seentuuf, \q2 karra qachaa sanii bana'a. \q1 \v 3 Nama qalbii ifiitiin jabaatee sitti irkatu, \q2 waan inni sitti addateef, \q2 ati nageya guutu'uun isa hin eedda. \q1 \v 4 Inni rassaa bara baraa waan te'eef, \q2 haga bara baraa \q2 Mootii Waan Maraatitti addadha'a. \q1 \v 5 Inni qachaa kooru hin salphisa; \q2 worra achi keessa le'ulle hin adaba. \q1 Inni qachaa ol ka'e san gara lafaa gad hin qaba; \q2 bukuu keessalle'etti gad hin gata. \q1 \v 6 Miilli worra cunqurfamanee \q2 isa irra hin ideema; \q2 faanti worra hiyyeeyyi'ii isa irra sirbiti. \b \q1 \v 7 «Ee Mootii Waan Maraa qajeela'a! \q2 Ati balchootaaf karaa hin qulqulleessita; \q2 daandii isaan irra ideemanulle \q2 wol hin qixxeessita. \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa! \q2 Karaa seera keetii irra ideemaa, \q2 addi'iin si eeganna; \q2 maqaa keetii fi waan ati nuu goote \q2 qaabatiisa dharraana. \q1 \v 9 Halkan lubbuun tiyya si dharraati; \q2 ayyaanni kiyyalle si dharra'a; \q2 yennaa ati lafatti murtu, \q2 kolbaan biyya lafaa irra leetu \q2 balchummaa hin baratti. \q1 \v 10 Worra hama'aaf gadhaa yoo laafanelle, \q2 balchummaan maan akka teete hin baratanu. \q1 Isaan lafa qajeelumma'aa keessalle'etti \q2 waan hantuu hujan; \q2 arnya Mootii Waan Maraalle \q2 hin qalbeeffatanu. \q1 \v 11 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 harki keeti isaan adabiisaaf ol ka'eera; \q2 isaan ammoo hin dhagganu; \q2 akka ati kolbaa teetiif hinaattu \q2 dhagganee qaanowanuu ti; \q2 ibiddi ati diinaaf qopheessite isaan fixuu ti. \b \q1 \v 12 «Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ati nageya nuuf hin kennita; \q2 waan nuuti hunye mara nuuf muummessiteerta. \q1 \v 13 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa keenna! \q2 Goottoleen dhibiin nu bulchaneeran; \q2 nuuti ammoo maqaa keeti qofa ulfeessina. \q1 \v 14 Isaan amma du'aneeran; \q2 haganaa achi hin jiraatanu; \q2 ekeraan isaanii hin kaatu. \q1 Ati isaan addaddee balleessite; \q2 dabarsii isaanii mara ijjumaa balleessite. \q1 \v 15 Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti baceessite; \q2 ati isaan baceessitee, ulfinna ifiif fudhatte. \q2 Meessaa lafaalle karaa maraan badhitte. \q1 \v 16 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 isaan yennaa rakko'oo gara keeti dhufane; \q2 yennaa ati isaan adaddu \q2 hasaassa'aan si daadimatane. \q1 \v 17 Ee Mootii Waan Maraa, akkuma dubartiin ulfaa, \q2 yennaa deyiisaaf ciniinsifattu iyyitu, \q2 nuutille si duratti akkasuma teene. \q1 \v 18 Akka dubartii ulfoottee ciniinsifattee teene; \q2 ammoo womaa hin deenne; \q2 waan biyya qarqaaru, waan hunye hin qannu; \q2 biyya lafaa irralle'etti nama hin daballe. \b \q1 \v 19 «Kolbaan teeti ta duute hin kaati; \q2 reeffi isaanii hin ka'a. \q1 Isin worri awwaalantaneertanu \q2 ka'a'aatii, ilillisa'a! \q1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 Fixeensi ati ergitu fixeensa jiruu kennu waan te'eef, \q2 latti ekeraa ol hin baatti. \s1 Mura'aa Fi Boojuu Irraa Deebi'iisa \p \v 20 «Ee kolbaa tiyya, kolloo teessan ol seena'aatii, balbala teessan cufadha'a; haga mufiin isaa dabartutti haga diqqaa dhokadha'a. \v 21 Kolbaa biyya lafaa cubbuu isaaniitiif adabiisaaf, kunoo, Mootiin Waan Maraa addee bultoo ifiitii dhufiisatti jira. Latti dhiiga isii irratti dhangala'e hin mudhitti; haganaa achi worra ijjeefamane hin dhossitu» ta jettu. \c 27 \p \v 1 Yennaa san Mootiin Waan Maraa shallaagaa ifii ka sodaachisu, ka qara qabuu fi jaba'aan, dhudhuufaa gugatu, dhudhuufaa mammarataa hin adaba; bineensa naacha fakkaatu, \q2 ka «Lewaataan» jedhamulle hin ijjeesa. \p \v 2 Yennaa san Mootiin Waan Maraa «Fichaa muka woyni'ii dansa'aaf faarsa'a. \v 3 Ani Mootiin Waan Maraa fichaa san hin eega; yennaa mara bisaan hin obaasa; nami tokkolle akka hin miine halkanii fi guyyaa isa hin eega. \v 4 Ani haganaa achi fichaa muka woyni'ii sanitti hin aaru; qore'ee fi qumi'uuduu yoo baaselle ani itti duulee, ibiddaan gubee ijjumaa hin balleessa. \p \v 5 «Yookiin gara kiyya baqatanuu ti; na wolille'een nageyaan le'anuu ti; ee, na woliin nageyaan le'anuu ti» hin jedha. \p \v 6 Baroota dhufutti sanyiin Yaaqoobii hidda hin yaafatti; kolbaan Israa'elii quunxitee daraartee, biyya lafaa duudii midhaaniin hin guutti. \p \v 7 Mootiin Waan Maraa akka diinota Israa'elii dhowe, kolbaa Israa'elii hin dhoonne. Akka diinota isaanii ijjeese kolbaa Israa'elii hin ijjeenne. \v 8 Inni akka booji'amanu godhee isaan adabe; akkuma qilleensi gubu gara aduun baatuu, waanuma dhagge fuudhee deemu, innille akkasuma hafuura ifii ka sodaachisu isaanitti baafattee, isaan ari'e. \v 9 Kolbaan Israa'elii dhakoota addee ciinca'aa ka waaqota dharaa, akka dhakaa boore'ee yennaa caccassanee butuchane, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, addee ciinca'aa ta hixaana itti aarsanulle yennaa balleessane, yakkaa ifiitiif araara hin dhaggatan. \p \v 10 Qachaan dalleya dhaka'aa diigamee, akka goomole'ee hin ona; jabbiin achi keessa hin dheeddi; achi keessa ciittee baala dameele'ee dheeddee hin fixxi. \v 11 Dameen mukaa yennaa goddu, hin caccaddi; dubartooti dhuttee qoraan hin caffatti. Kolbaan tun hubantii waan hin qanneef, ka isaan Dade isaaniif hin nayu; isaanille'eef hin mararu. \p \v 12 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii Israa'eloota laga Efraaxiisii irraa jalqabee, haga meessaa biyya Gibxi'iititti tokko tokkoon wolitti hin qaba. Inni akka nama midhaan hicaacee irraa adda baasuu worra dhibii irraa adda isaan hin baasa. \p \v 13 Guyyaa san tultullaan guddaan hin afuufama; worri biyya Asooriititti badanee fi worri gara biyya Gibxi'ii booji'ame gara biyya ifii deebi'ee, gaara woyyicha irratti Yerusaalem keessatti Mootii Waan Maraa hin waaqonfatan. \c 28 \s1 Efreemiif Aanne'e \p \v 1 Qachaa Samaariya'aa, worra machowaa Efreemiitiif kallacha kooriisaa ka te'e, dhooqa lafa laattuu gubba'atti, daraaraan dansummaa ulfinna isaa ka irraa qooreef, ka worri daadhii woyni'iitiin sule\f + \fr 28:1 \fr*\fqa Sule: \fqa*\ft Fedhii haga tarte qabaatiis.\ft*\f* ittiin kooruuf aanne'e! \v 2 Kunoo, Mootiin Waan Maraa nama jaba'aa fi hunnaamessa qaba; nami sun akka dhakaa bokkeyaa, akka qilleensa wo balleessuu, akka lolaa hama'aa fi akka bokkeya hama'aa, qachaa san hunnaan lafatti dhowa. \v 3 Kallachi namoota Efreemii ka worri machowu ittiin kooru, miilaan irra sirbama. \v 4 Qachaan Samaariya'aa ka dhooqa lafa laattuu gubba'atti, daraaraan dansummaa ulfinna isaa irraa qoore, akka harruu yenna'aan dura bilchaattee, ka nami akkuma dhaggeen fudhatee nyaatee fixuu hin te'a. \p \v 5 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, kolbaa ifii worra baraaree hafeef kallacha ulfinnaatii fi daraaraa dansumma'aa hin te'aaf. \v 6 Worra barcumaa mura'aa irra te'uuf, ayyaana haqaa, worra karra qacha'aa irraa diina dhoogguuf hunna hin kenna. \s1 Isaayaasii Fi Raagota Yihuda'aa Machoottuu \p \v 7 Isaan kun daadhii woyni'ii unanee gatantaran; untoon macheessituun joonjan; Hayyootii fi raagoti untoo macheessitu unanee gatantaraneeran; daadhiin woyni'iille isaan joonjessiteerti; raagoti yennaa mudhii dhagganu hin qalbeeffatanu; hayyootille yennaa muraa kennanu hin dokonkoran. \v 8 Qoriin isaanii duudiin diddigaan guutteerti; addeen qulqullitiin hin jirtu. \p \v 9 Isaan, «Inni eennu barsiisiisaaf wodhaana? Ergaa ifiille eennutti issee hima? Ijoollee harma lakkitte ta reefuu harma irraa guute barsiisaa? \v 10 Ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja, seerata irratti seerata, seerata irratti seerata, asii barumsa diqqaa tokko, achii barumsa diqqaa tokko nutti dabalaa?» hin jedhan. \p \v 11 Maarre Mootiin Waan Maraa dubbii hin barataminii fi afaan ormaatiin kolbaa tanatti hin dudubata. \v 12 Inni isaaniin, «Addeen tun addee fooraa ti; worri dadhabe dhufee itti foorfatuu ti; addeen tun addee nageyaa ti» jedhe. Isaan ammoo hin dhageenne. \v 13 Tanaaf jechi Mootii Waan Maraa ka isaan raagichaan, «Ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja, seerata irratti seerata, seerata irratti seerata, asii barumsa diqqaa tokko, achii barumsa diqqaa tokko nutti dabalaa?» jedhane sun isaan irratti hin te'a. Yennaa san isaan duubatti deebi'anee, jiganee hin caccaban; tiyyoolle'een qabamanee hin booji'aman. \s1 Dhakaa Roga Qaccee Ijaarsaa Ka Xiyoonii \p \v 14 Tanaaf isin worri murgaameyyiin, worri kolbaa Yerusaalem keessaa bulchitanu, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! \v 15 Isin, «Du'a woliin wol gondoorreerra; addee worri du'e jiru wolille'een wolii galleerra; balaan sodaachisu yennaa dhufu, dhara addee itti baqannu, soba addee itti dhokannu waan godhanneef, womaa nu hin tuqu» jettanee koortaneertan. \v 16 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani dhakaa hunde'ee, ka haga ilaalame, dhakaa roga ijaarsaa ka gatii guddo'oo, ka hundee jaddu'uuf te'u, Xiyoon keessa hin keya; nami isatti dhugeeffatu ijjumaa hin raafamu. \v 17 Ani haqa wodaroo miki'ii\f + \fr 28:17 \fr*\fqa Wodaroo miki'ii: \fqa*\ft Ta haga wonni tokko dheerattu yookiin badhattu ittiin ilaalanu\ft*\f*, balchummaalle tumbii\f + \fr 28:17 \fr*\fqa Tumbii: \fqa*\ft Meya ijaarsa dhaka'aa itti wol qixxeessanu.\ft*\f* hin godhadha; dhara isin itti baqattanu san dhakaan bokkeyaa hin balleessa; addee isin itti dhokattanu lolaan irra dhangala'a. \v 18 Gondooroon isin du'a woliin wol gondoorattane hin diiganti; wolii galteen isin addee worri du'e jiru woliin wolii galtane hin baddi. Balaan sodaachisu yennaa dhufu, isin balaa saniin hin baddan. \v 19 Balaan sun yennaa dhufu mara, isin fuudhee hin dabara; ganama ganama, halkanii fi guyyaalle isin hin haxowa» jedha. \b Ergaa tana hubatiisi sodaa guddoo fiddi. \p \v 20 Tunille akka mammaassa, «Nami taqee gabaadduu irra rafu hin diriirfatu; nami bullukkoo gadhaa dhiphattu uffatulle ifitti maree hin rafu» jedhame sanii ti. \v 21 Mootiin Waan Maraa gaara Pheraaziimii irratti, dhooqa Giibe'onii keessalle'etti akkuma godhe, ammalle hujii ifii ta baasaa hujiisaaf, kancira hujii ifii muummessiisaaf hin ka'a. \p \v 22 Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Maraa Dande'u, biyya lafaa ijjumaa akka balleessu ani dhage'eera. Tanaaf hidhaan akka isinitti hin jabaanne, murgiisa lakkisa'a. \s1 Qarummaa Waaqaa \p \v 23 Caqasa'a; qoonqoo tiyya dhage'a'a; waan ani jedhulle qalbeeffadha'a. \v 24 Qonnaan bulaan, fichaa ifii yennaa mara qotaa ree? Inni quqquuqaa bubbutuchaa, yennaa mara lafa laaffisaa ree? \v 25 Lafa miidhasseen duuba dinbilaali'ii fi onkooshee\f + \fr 28:25 \fr*\fqa Onkooshee: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa okoshee \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* facaasaa motii ree? Qamadii tarree isi'iititti, Garbuu addee isaaf qophoottetti, midhaan adda addaalle qarqara sanitti facaasaa motii ree? \v 26 Kana mara akka inni huju Waaqa isaatitti isa gorsee, isa barsiise. \v 27 Dinbilaalli\f + \fr 28:27 \fr*\fqa Dinbilaalli: \fqa*\ft Ashuudaa gurraach.\ft*\f* ulee qadho'oon malee, ulee furdo'oon hin dhowantu; onkoosheelle harxumme'een dhowanti malee, korboo garreettaa fardaan harkifamuun hin dhowantu. \v 28 Midhaan daabboo hujiisaaf daakama; maarre nami tokko haga bara baraa midhaan dhowaa hin le'u. Dhowiisaaf korboo garreettaa fardaan harkifamuu irra oofan malee, butuchiisaaf moti. \v 29 Tun duudiin Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, abbaa gorsa maade'eetii fi abbaa qarummaa guddo'oo biraa dhutte. \c 29 \s1 Qachaa Yerusaalemiitiif Aanne'e \p \v 1 Ee Yerusaalem, addee ciinca'aa, qachaa Daawiti keessa qubate, si'iif aanne'e! Jila teeti wogguma wogga'aan jilifadhu! \v 2 Te'uu malee, ani Mootiin Waan Maraa addee ciinca'aa san hin rakkisa; achitti bowaa fi gaddi hin te'a. Achiin duuba ati naaf akka addee ciinca'aa ta ibiddi irratti bobe'uu hin teeta. \v 3 Ani karaa maraan si hin rakkisa; xelleephoolle sitti naannessee, kushee sitti ijaaree si hin rakkisa. \v 4 Achiin duuba ati gad hin deebita; lafa itti gad deebite san keessaa hin dubbatta; dubbiin teeti bukuu keessaa hin dhage'anti; qoonqoon teeti akka qoonqoo ekera'aa, boolla keessaa hin baati; haasonni keetille bukuu keessaa hin hasaasa. \p \v 5 Yerusaalem, diinoti keeti hedduun akka buku'uu hin te'an; loltooti nama sodaachisanulle akka hicaacee qilleensaan fudhatantuu hin te'an. Dedhuma adoo itti hin seyin, \v 6 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade mandiisu'uun, tacho'a lafaatiin, qoonqoo guddo'oon, hobonbolatti'iin, bubbee bokkeyaatii fi bobe'a ibiddaa ka nama fixuun hin dhufa. \v 7 Achiin duuba loltooti gosa biyya adda addaa, ta Yerusaalemii addee ciinca'aa loltu, ta kushee isi'ii loltuu fi ta isii rakkittu marti akka oojju'uutii fi akka mudhii halkanii hin te'an. \v 8 Akka nami beelowe oojju'uun sagalee nyaatee, yennaa hirriibaa ka'u ammoo beelumaan jiruu, akka nama dheebotee oojju'uun bisaan unee, yennaa hirriibaa ka'u ammoo gaggabee dheebumaan jiruu, gosi biyya adda addaa ta Yerusaalem loltu, akkasuma hin teeti. \s1 Adabbii Ajaja Waaqaa Tuffatiis Fiddu \p \v 9 Bararaqa'aatii maadeffadha'a! Dunuunfadha'aatii jaama'a! Machowa'a! Ammoo daadhii woyni'iitiinii moti. Gatantara'a! Ammoo untoo nama macheessituunii moti. \v 10 Mootiin Waan Maraa hirriiba hamaa isinitti buuseera; inni raagota ila teessan teete ila qabeera; sooressitoota teessan ta mudhii dhaggitulle mudhii irraa golleera. \v 11 Mudhiin tun duudiin isiniif akka kitaaba maramaa cufamee chaappaa itti godhamee ti; kitaaba akkasii nama kitaaba dubbisuu dande'utti kennitanee, «Dubbisi!» yoo jettane, inni ammoo, «Cufamee chaappaan waan itti godhameef, ani dubbisuu hin dande'u» hin jedha. \v 12 Nama kitaaba maramaa dubbisuu hin dandeennetti kennitanee, «Dubbisi!» yoo jettane, inni deebisee, «Ani dubbisuu hin dande'u» hin jedha. \p \v 13 Goottaan, «Kolbaan tun dubbii afaan ifiitiin natti dhikaatan; ulfinnalle naaf kennan; gadhaan isaanii ammoo, ana irraa fago'o; isaan ajaja nami isaan barsiiseen na waaqonfatan. \v 14 Tanaaf ani ammalle baasaa fi bilbaasa hujee, kolbaa tana hin maadeffachiisa; qarummaan qaroole'ee hin baddi; hubantiin worra hubatuu hin dhokatti» jedheera. \s1 Addii Gara Duraa \p \v 15 Worra karoora ifii Mootii Waan Maraa duraa akka malee dhoffatiisaaf wodhaananuuf, worra dhossa'aan woy hujuufille aanne'e! Isaan gadhaa ifii keessatti, «Eentu nu dhagga? Eentu nu irratti beeka?» jedhan. \v 16 Isin woy gara gaggalchitan; nami faara dhowu faara te'uu dande'aa? Wonni harka namaatiin hujame tokko, abbaa hujeen, «Ati na hin hunye» jedhuu dande'aa ree? Yookiin okkoteen, abbaa isii dhoween, «Inni womaa hin beeku» jedhuu dandeettii ree? \p \v 17 Yennaa diqqo'oon duuba baddaan Libaanonii fichaa laafaa hin teeti; fichaan laafaan gongomaa hin te'a. \p \v 18 Yennaa san worri gurra duuda'aa, jecha kitaaba maramaa keessaa hin dhage'a; worri ballaan ilti isaanii banantee dhaggiisa hin dande'an. \v 19 Mootiin Waan Maraa worra gad ifi qabu hin gammachiisa; worri hiyyeeyyiin Woyyicha Israa'eliititti guddoo hin gammadan. \v 20 Worri marartii hin qannee fi worri murgu hin badan. Worri nama irratti hantuu yaadu duudiin hin badan. \v 21 Worri dubbi'iin nama yakkaamessa godhu, worri badhinna kora mura'aa duratti tiyyoo namatti keyu, worri dhugaa baya sobaatiin, worra yakkaa hin qanne haqa dhooggu hin badan. \p \v 22 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Abrahaam bilisa baase, sanyii Yaaqoobiitiin, «Yaaqoob haganaa achi hin fokkifatu; qaanoweelle fuula hin badu. \v 23 Isaan ijoollee ifii ta ani harka kiyyaan dade odduu ifiititti yennaa dhagganu, isaan maqaa kiyya hin woyyoonsan; woyyummaa woyyicha Yaaqoobii hin beekan; soda'aan ana Waaqa Israa'elii dura hin dhaabbatan. \v 24 Worri yaadi isaanii karaa irraa gore, deebi'ee hin hubata; worri gungumulle gorsa hin fudhata» jedha. \c 30 \s1 Kolbaa Mataa Jabaatuuf Aanne'e \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Ijoollee mataa jabaattuuf, karoora kiyya hin te'in ta baafattuuf, fedhii tiyyaan ala gosa biyya adda addaa woliin ta wolii galtuuf, ta cubbuu irratti cubbuu dabaltuuf aanne'e! \v 2 Isaan na irraa gorsa adoo hin fudhatin, gara biyya Gibxi'ii gad bu'an; mootii Gibxi'ii qarqaarsa godhatanee, gaaddisa Gibxi'ii jalatti baqatan. \v 3 Mootii Gibxi'ii qarqaarsa waan godhattaneef hin fokkifattan; gaaddis Gibxi'iille isin hin qaanessa. \v 4 Qachaa Zo'aanii keessatti qondaaltota qabaattanulle, worri isin ergitane qachaa Gibxi'ii Hanees geyanulle, \v 5 kolbaan sun fokko'oo fi qaanii isaanitti fiddi malee, bu'aa hin qaddu; isaan qarqaaruu waan hin dandeenneef, marti isaanii hin qaanowan» jedhee dubbateera. \p \v 6 Marroo bineensota biyya Negebii wonni dubbatame asii gad jirti: worri ergame karra ifii harre'etti, meya gatii guddo'oo ka ifiille gaalatti fe'atanee, lafa soda'aa fi rakkinni jiru keessa deemanee, addee neenqi dhala'aa fi kormi, buuti'ii fi dhudhuufaan gugatu jiranu keessa dabaranee, gara kolbaa isaaniif bu'aa hin qannee, \v 7 gara worra Gibxi'ii ka qarqaarsi isaanii bu'aa hin qannee hin dhaqan. Tanaaf ani worra Gibxi'ii, «Jawwee abbaaya'aa ta cadhittee teettu» jedhee maqaa baase. \s1 Kolbaa Hin ajajanne \p \v 8 Amma dhaqiitii fuula isaanii duratti gabatee irratti barreessi; kitaaba maramaa keessalle'etti barreessi. Kunille baroota dhufuuf, haga bara baraa dhugaa baya hin te'a. \v 9 Isaan kolbaa finqiltuu, ijoollee dharaameyyii gorsa Mootii Waan Maraa hin caqanne. \v 10 Isaan worra mudhii dhagguun, «Haganaa achi mudhii hin dhaggina'a», raagole'een, «Raaga dhuga'aa nutti hin raagina'a; waan nu gammachiisuu fi waan nu'uuf dansaa te'e qofa nutti hima'a. \v 11 Karaa dhuga'aa kana lakkisa'a; daandii irraa gora'a. Marroo Waaqa Woyyicha Israa'elii san nutti hin himina'a» jedhan. \p \v 12 Tanaaf Waaqi Woyyichi Israa'elii, «Isin waan ani isinitti dubbadhu waan tuffataneef, nama cunqursiisaa fi sobiisatti waan addattaneef, \v 13 yakkaan tun akka dalleya dheeraa caccabee, dedhuma jigee bututuu isin hin gooti. \v 14 Akkasuma akka meya faaraa ka caccabee bututuu, ka bassoo ibidda ittiin fudhatanu yookiin ta bisaan boolla keessaa ittiin woraabbatanuulle keessatti hin dhagganne hin teetan» jedhe. \p \v 15 Goottaan, Mootiin Waan Maraa Woyyichi Israa'elii, «Isin yoo cubbuu teessan faaci'attanee foorfattane hin fayyitan; cadhittanee naaf yoo addatantane hin jabaatta; isin ammoo diddanee, \v 16 ‹Waawwo'o! Nuuti fardo'oon hin baqanna› jettan; tanaaf isin hin baqattan; isin, ‹Fardoo qolchoolee irra teenna› jettan; worri isin ari'ulle qolchaa hin te'a. \v 17 Isaan keessaa nami tokko yennaa isin sodaachisee xixe, isin keessaa nami kum hin baqata; nami shan yennaa xixe, isin martinuu hin baqattan. Utubaa baandira'aa keessan ka gaara irratti dhaabbatee fi beessisa ka kooba irra jiru malee, isin keessaa nami tokkolle achitti hin hafu» jedhe. \v 18 Mootiin Waan Maraa ammalle isin marariisaaf hin ossata; inni isiniif nayiisaaf hin ka'a; Mootiin Waan Maraa Waaqa haqaa ti; tanaaf worri isatti addatu duudiin gammaduu ti. \s1 Waaqi Kolbaa Ifii Hin eebbisa \p \v 19 Ee kolbaa Xiyoonii, ka Yerusaalem keessa leetanu, haganaa achi hin boottanu; yennaa isin itti iyyattanu, akkuma qoonqoo teessan dhage'een, inni isiniif mararee deebii isiniif hin kenna. \v 20 Goottaan sagalee rakkinnaatii fi bisaan farraa isiniif kennulle, barsiisaan keessan haganaa achi isin duraa hin dhokatu; isin iluma teessaniin isa hin dhaggitan. \v 21 Yennaa isin gara middaa yookiin gara bita'aa deebitanu, qoonqoo isin duubaan, «Karaan kana, isa irra ideema'a» jettu gurri keessan hin dhage'a. \v 22 Achiin duuba isin waaqota dharaa keessan ka meeti'iin gonfamee fi fakkii waaqota dharaa ta worqi'iin gonfante hin salphittan; akka hoccuu xurti'ii gattanee, «Ila teenna duraa bada'a» isaaniin hin jettan. \v 23 Mootiin Waan Maraa midhaan isin facaafattanuuf, bokkeya hin roobisiisa; lattille midhaan dansaa hedduu hin baatti. Guyyaa san horiin keessan kaloo badho'otti hin tikatan. \v 24 Qotiyyo'oo fi harreen teessan ta lafa qottu, okeya sooddaan mi'eessanee fi marra gossanee horooro'oo fi akkafa'aan garagaggalchanee miidhassane hin nyaatan. \v 25 Guyyaa xelleephoon diinaa diigantee diinni sun dhumatu, gaara gugurda'aa fi kooba dhedheertuu mara irraa bisaan maddee hin yaa'a. \v 26 Yennaa Mootiin Waan Maraa cannana kolbaa ifii hidhu, madaa isaan madeesselle yennaa fayyisu, jiin akka adu'uu hin ifa; ifi adu'uulle ifa guyyaa torbaa dachaa torba hin te'a. \s1 Waaqi Asoor Hin adaba \p \v 27 Kunoo, Mootiin Waan Maraa aarii akka ibiddaa bobeettuun, ta akka hurrantaa aaraatiin fagoo irraa hin dhufa; inni aari'iin dubbata; arrabi isaalle akka ibiddaa nama fixa. \v 28 Hafuurri isaa akka bisaan ori'ee guutee morma namaa gewuu ti; inni meemmee badi'iitiin, gosa biyya adda addaa hin meemmessa; bixaala karaa irraa isaan gorsu, afaan isaanii keessaa hin keya. \v 29 Isin guyyaa jila woyyittii jilifattanu galgala akkuma faarsitanu, hin faarsitan; kolbaan gara gaara Mootii Waan Maraa, gara rassaa Israa'elii, suusullee afuufaa gammadaa akkuma ol baatu, isinille hin gammaddan. \p \v 30 Mootiin Waan Maraa aarii bobeettuun, ibidda nama fixuun, bubbee bokkeya barada'aatiin, bubbee bokkeyaa mandiisu'uutii fi dhakaa bokkeyaatiin qoonqoo ifii ta arnya qaddu namooti akka dhage'anu hin godha; irreen isaa yennaa dhuttu akka isaan dhagganu hin godha. \v 31 Yennaa Mootiin Waan Maraa ulee ifiitiin isaan dhowu, qoonqoon isaa worra Asoorii hin rifachiitti. \v 32 Mootiin Waan Maraa ulee adabbii ifiitiin yennaa isaan adabu mara, dibbe'ee fi kiraarri guddichi hin dhowaman; inni dhowicha harka ifiitiin isaan hin lola. \v 33 Addeen, «Toofet» jedhantu, ta wo itti gubanu, bara heddu'uun dura qophootteerti; mooticha worra Asooriitiifille qophootteerti; addeen ibiddaa sun qile'e; badhoolle'e; qoraan baca'aa fi ibiddi guddaan achi jira; hafuurri Mootiin Waan Maraa baafatu akka dhakaa bobe'uu, ibidda itti hin qassiisa. \c 31 \s1 Worra Gibxi'itti Addatuuf Aanne'e \p \v 1 Worra Gibxii irraa qarqaarsa dhaggatiisaaf gad bu'u, worra fardo'otti addatu, worra bacinna garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardo'oo jajjaboo ifiititti addatu, ammoo worra gara Woyyicha Israa'elii hin ilaallee fi worra qarqaarsa Mootii Waan Maraa hin gaafanneef aanne'e! \v 2 Mootiin Waan Maraa qaro'o; inni badii isaanitti hin fida; waan jedhe irraa duubatti hin deebi'u; inni worra hantuu huju irratti, worra hantuu huju worra qarqaaru irralle'etti hin ka'a. \v 3 Worri Gibxi'ii namoota malee Waaqaa moti; fardoon isaaniille hori'ii malee Ayyaanaa moti. Yennaa Mootiin Waan Maraa harka ifii diriirsu, worri isaan qarqaaru hin gufata; worri qarqaaramulle hin jiga; lamaanuu wolumaan hin badan. \p \v 4 Mootiin Waan Maraa, anaan, «Neenqi yookiin neenqi dardarri waan qabate irratti yennaa dhangaa dhowu, iyya tissitoota isa ari'iisaaf wolitti qabamane akkuma hin sodaanne, hogaa isaaniitiif akkuma hin rifanne, akkasuma Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gaara Xiyooniitii fi kooba isi'ii irratti loliisaaf gad hin dhufa. \v 5 Akkuma sinbirreen koola ifii badhifattee mana ifii irratti gombooddu, akkasuma Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade Yerusaalemitti hin gombooba; isi'itti gomboobee hin baasa; gubbaa irra dabaree isii hin hambura. \p \v 6 «Ee kolbaa Israa'elii! Gara ana Mootii Waan Maraa ka finqiltanee deebi'a'a. \v 7 Guyyaa san waaqota dharaa keessan, ka meeti'ii fi worqii irraa harka keessan cubbichaan hujjane, isin marti hin gattan. \v 8 Achiin duuba worri Asoorii shallaaga'aan hin dhumatan; shallaagaan sun ka namaatii moti; shallaagaa namaa ka hin te'iniin isaan hin badan; shallaagaa san jalaa hin baqatan; dargaggooti isaanii hunnaan namaaf hin hujan. \v 9 Loltooti jajjabi isaanii sodaa guddo'oon hin jigan; ajajjooti loltoota isaanii, baandiraa yennaa dhaggane hin bararaqan» jedha, Mootiin Waan Maraa, ka ibiddi isaa Xiyoon keessa, addeen ibidda isaa Yerusaalem keessa jirtu. \c 32 \s1 Mootummaa Balchumma'aa \p \v 1 Kunoo, mootiin balchumma'aan hin mowa; bulchitootille haqaan hin bulchan. \v 2 Tokko tokkoon isaanii akka addee qilleensa jabaa duraa itti dhokatanuu, akka dawoo bubbee bokkeyaa duraa itti baqatanuu, akka madda bisaanii ka goomolee keessaa, akka gaaddisa rassaa guddaa lafa dheebu'uu keessa jiruu hin te'an. \v 3 Achiin duuba ilti worra dhagguu hin dhaggiti; gurri worra dhage'uulle hin dhage'a. \v 4 Qalbiin worra jarjaruu beekkumsa hin hubatti; arrabi worra gikkisuu hiikamee qulleessee hin dubbata. \v 5 Haganaa achi nami gowwaan nama kabajamaa hin jedhamu yookiin nami yabaabulaan ulfinna hin dhaggatu. \v 6 Nami gowwaan gowwummaa dubbata; qalbiin isaa hammeenna yaadatti; inni waan hantuu hujaa, Mootii Waan Maraa arrassa; worra beelote agabuu lakkisa; worra dheebote bisaan dhooggata. \v 7 Malli nama yabaabula'aa hammeenna; nami hiyyeessi waan haqa te'e yoo dubbatelle, nami hamaan dubbii sobaatiin, worra hiyyeeyyii balleessiisaaf, mala hamaa dhowa. \v 8 Nami ulfinnaa ammoo karoora ulfinnaa baasa; hujii ulfinnaatiin jabaatee le'a. \s1 Dubartoota Yerusaalemii \p \v 9 Ee isin dubartoota qananumma'aan leetanu, ka'a'aatii, na caqasa'a. Isin ijoolleen durraa ta bidhaa tokko malee leetanu, waan ani jedhu dhage'a'a. \v 10 Isin dubartooti bidhaa tokko malee leetanu, muki woyni'ii midhaan waan hin buunneef, yennaan midhaan buusulle waan hin jirreef, woggaa tokkoon duuba naatanee hin hollattan. \v 11 Isin dubartooti qananumma'aan leetanu, holladha'a; isin dubartooti bidhaa tokko malee leetanu romma'a. Woyaa teessan baafadha'aatii, woyaa gaddaa hidha keessanitti hidhadha'a. \v 12 Fichaa laafa'aa fi fichaa woyni'ii ka midhaan buusuuf, qoma keessan dhowataa bowa'a. \v 13 Fichaa kolbaa tiyyaa ka qore'ee fi qumi'uuduu baaseef, manoota namooti keessatti gammadane maraaf, qachaa caaqaan guutame kanaaf bowa'a. \v 14 Manni mootumma'aa hin ona; qachaan hogaan keessa guutelle duwwaa hin te'a; koobii fi xelleephoon irra tee'anee eeganu haga bara baraa lafa duwwaa harreen diidaa keessa burraaxxuu fi horiin keessa dheedu hin teeti. \p \v 15 Tunille haga Waaqi ayyaana ifii gubbaa irraa nu irratti dhangalaasutti hin teeti. Achiin duuba goomoleen fichaa laafaa hin teeti; fichaan laafaan akka gongoma'aa hin te'a. \v 16 Haqi goomolee keessa, balchummaalle fichaa laafa keessa hin jiraatti. \v 17 Hujiin balchumma'aa nageya fiddi; bu'aan balchumma'aalle sarmiisaa fi bidhaa malee le'iisa. \v 18 Kolbaan tiyya addee nageyaa, mana bidhaan hin jirree fi addee itti sarmanu keessa hin leeti. \v 19 Gongomaan dhakaa bokkeyaatiin badulle, qachaan ijjumaa diigamulle, \v 20 isin qarqara bisaaniititti midhaan waan facaafattanuuf, loon keessanii fi harreelee teessan addee feetanetti waan bobbaafattanuuf hin gammaddan. \c 33 \s1 Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Daadimachuu \p \v 1 Ati ifii adoo hin badin ka nama dhibii balleessitu si'iif aanne'e! Ati adoo nami dabarsee si hin kennin, ka nama dabarsitee kennitu, si'iif aanne'e! Ati nama balleessiisa yennaa lakkittu hin badda; nama dabarsitee kenniisa yennaa lakkittu, nami dabarsee si hin kenna. \p \v 2 Ee Mootii Waan Maraa, nuuti addii si godhannaa, nuu marari. Ganama ganama jabeenna, yennaa rakko'oolle qarqaarsa nuuf te'i. \v 3 Mandiisuu qoonqoo teetii, kolbaan hin baqatti; yennaa ati ol kaatu, gosi biyya adda addaa hin bittinnootti. \v 4 Ee, gosa biyya adda addaa! Akkuma awwaannisi waan nyaatu irratti wolitti qabamu, namooti waan boojitane irratti wolitti hin qabaman; akkuma ilmooleen awwaannisaa waan nyaattu saamattu, namooti waan isin boojitane hin saamatan. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa waan mara caala; inni addee ulfinnaa ol-aantuu le'a; inni qachaa Xiyoonii haqaa fi balchumma'aan hin guuta. \v 6 Inni kolbaa ifiitiif hundee fayyinnaa, qarumma'aatii fi beekkumsaa hin te'a; Mootii Waan Maraa sodaatiisille karra karra mara caalte. \p \v 7 Kunoo, goototi isaanii karaa irratti qarqaarsa dhaggatiisaaf hin iyyan; worri ergantooti nageyaa wiiccifatanee hin bowan. \v 8 Karaan guddaan urmeera; nami karaa irra ideemulle hin jiru; wolii galteen diiganteerti; gorsitooti tuffatamaneeran; nami ulfinna namaaf kennu hin jiru. \v 9 Latti goddee, duwwaa teeteerti; gongomaan Libaanonii qaanowee, qooreera; dhooqi Shaaronii akka goomole'ee teete; mukooti Baashaaniitii fi gaara Qarmelosii baala buufate. \s1 Mootii Waan Maraa Diinota Ifii Ifi Eeggachiise \p \v 10 Mootiin Waan Maraa, «Ani amma hin ka'a; ani amma ulfinna hin dhaggadha; ani amma ol hin aana. \v 11 Wonni isin yaaddanu akka huuraa ti; wonni isin keessaa bayulle akka hicaace'ee ti; hafuurri keessan akka ibidda isin fixuu ti. \v 12 Kolbaan akka dhakaa boore'ee hin gubatti; akka haxanxarii qore'ee ta cirantee ibiddatti hin naqanti. \v 13 Isin worri fagoo jirtanu, waan ani godhe dhage'a'a! Isin worri dhikoo jirtanulle hunna tiyya beeka'a!» jedha. \p \v 14 Cubbaaleyyiin Xiyoon keessa jiranu sodaatane; worri Waaqa malee le'u soda'aan rommanee, «Nu keessaa eentu ibidda nama fixu woliin le'uu dande'a? Nu keessaa eentu ibidda hin dhaanne woliin le'uu dande'a?» jedhan. \v 15 Nama balchumma'aan ideemu, nama waan sirrii te'e dubbatu, nama bu'aa karaa dabaatiin dhuttu jibbu, nama safuu fudhatiisa irraa harka ifii eegatu, nama mala nama ijjeesiisaa hin dhageenne, nama ilti isaa waan hantuu hin ilaalle, \v 16 nami akkasii kun addee ol aantuu le'a; kusheen rassa'aa addee inni itti baqatu hin teeti; sagaleen isaaf hin kennanti; bisaan unanulle hin dhabu. \s1 Ulfinna Gara Duraa Dhufu \p \v 17 Ilti teeti ulfinna mootichaa, lafa akka malee badho'oo ta inni bulchulle hin dhaggiti. \v 18 Sodaa guddoo teeti ta durii qaabataa, «Ajajaan loltootaa eessa jira? Ka gibira guuru eessa jira? Itti gaafatamaan xelleephoo eeddotaa eessa jira?» hin jetta. \v 19 Ati haganaa achi kolbaa nama tuffattu, ta dubbiin isaanii hin beekkannee fi ta afaan isaanii namaaf hin galle san hin dhaggitu. \v 20 Qachaa jila itti jilifannu, gara Xiyoonii ilaali. Ilti teetii qachaa Yerusaalemii ka nageyaan keessa leetanu, dunkaanii achii hin tachoone, ka togaan isi'ii ijjumaa hin buqqaane, ta wodaroon isi'ii keessaa takkaalle hin cinne hin dhaggiti. \v 21 Mootiin Waan Maraa achitti arnya nu'uuf hin te'a; inni akka lagoota babadha'aatii fi akka madda gugurda'aa ka hobolooti diinaa achi irra hin dabarree fi ka hobolooti gugurdoolle achi irra hin ideenne nu'uuf hin te'a. \v 22 Mootiin Waan Maraa abbaa mura'aa keenna; Mootiin Waan Maraa seera nu'uuf kenna; Mootiin Waan Maraa mootii keenna; ka nu fayyiselle isa. \v 23 Kolbaan teessan akka hoboloo wodaroon irraa lufee, ka utubaan isi'ii jabaatee hin dhaabbatinii, ka sharaan isi'iille hin dhifaminii ti. Achiin duuba boojuun bacaan hin qoqoodanti; naafille waan booji'ame san hin saama. \v 24 Worra Xiyoon keessa le'u, yakkaa isaaniitiif araarri waan kennamuuf, isaan keessaa nami tokkolle, «Ani dhibame» hin jedhu. \c 34 \s1 Muraa Gosa Biyya Adda Addaa Irratti Murantu \p \v 1 Ee isin gosa biyya adda addaa, as dhikaadha'aatii caqasa'a. Ee kolba'a hubadha'a. Lattii fi wonni isii irra jiru marti, biyyi lafaatii fi wonni isii keessatti dhaggamu marti dhage'anuu ti. \v 2 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa irratti aareera; inni loltoota isaanii mara irratti guddoo aareera; ijjumaa isaan hin balleessa; worra isaan ijjeesulle'etti dabarsee isaan hin kenna. \v 3 Worri ijjeefame alatti gatamee, reeffi isaanii hin ajowa; gaarotille dhiiga isaaniitiin hin maxanqowa. \v 4 Urjooti ol-gubba'aa marti hin baxxi; gubbaan akka kitaaba marama'aa hin maranti; urjooti marti akka baala muka woyni'iitii fi akka baala muka harru'uu, qooranee hin harca'an. \p \v 5 Shallaagaan Mootiin Waan Maraa ol-gubba'atti waan fedhe godhee, kolbaa inni ijjumaa balleesse, worra Edoomiititti muriisaaf gad hin bu'a. \v 6 Shallaagaan Mootii Waan Maraa dhiigaa fi coomaan dhuubameera; dhiiga buruusoo korbeeyyii hoole'eetii fi re'e'eetiin, cooma kalattii korbeeyyii hoole'eetiin laaqameera; Mootiin Waan Maraa qachaa Bozra'aa keessatti ciincaa, lafa Edoomii keessalle'etti qalma guddaa hin qopheessa. \v 7 Kolbaan Edoomii akka gafarsaa, akka dardarootaatii fi akka korommi'ii achitti hin qalaman; latti isaanii dhiigaan hin laaqanti; biyyeelle cooma isaaniitiin hin laambubanti. \v 8 Mootiin Waan Maraa marroo Xiyooniitiif bara itti falmatuu fi guyyaa itti haluu bayu qaba. \p \v 9 Maddi Edoomii leyyaa, biyyeen dhakaa bobe'u, latti leyyaa gubu hin te'an. \v 10 Ibiddi achi keessaa halkanii fi guyyaa hin dhaamu; aarrille haga bara baraa ol hin ka'a. Latti sun dhalootaa haga dhalootaatitti hin onti; nami tokkolle deebi'ee haga bara baraa achi keessa hin dabaru. \v 11 Cululle'ee fi dhaddoon lafa san hin qabatan; urungu'uu fi harraaqessi mana achitti hin ijaaratan; Waaqi lafa san wonni tokkolle akka irratti hin hanne godhee hin onsa. \v 12 Nami waamanee mootii godhanu, qondaaltota isaanii keessa hin jiru; sooreyyiin isaanii marti ijjumaa hin badan. \v 13 Mana mootummaa isaaniititti qoreen hin latti; qachaa isaanii ka dalleya dhaka'aatiin marfametti doobbi'ii fi qumi'uuduun hin latti; addee jeedalli fi urunguun itti galanu hin te'a. \v 14 Bineensoti goomole'eetii fi woraabessi achitti wolitti hin qabaman; durriisoti halkaniille achi wol waaman; addee fooraalle achitti hin dhaggatan. \v 15 Urunguun achitti mana ijaarattee, quuphaa buuttee, cuucuu dhoofattee, itti hin kabbiti; allaatiin dhaltu'uu fi kormi achitti wolitti hin qabaman. \p \v 16 Kitaaba Mootii Waan Maraa keessa barbaada'aatii dubbisa'a. Waan kana keessaa ka hafu tokkolle hin jiru; achi keessaa dhala'aa fi korma ka dhabu hin jiru. Mootiin Waan Maraa afaan ifiitiin tana waan ajajeef, ayyaanni isaa wolitti isaan qaba. \v 17 Inni isaaniif hixaa buuseera; harka ifiitiin safaree lafa isaaniif qoodeera; isaan haga bara baraa lafa san hin dhaalan; isaan dhalootaa haga dhalootaatitti achi hin le'an. \c 35 \s1 Gammada Worra Wodamee \p \v 1 Goomole'ee fi latti godduun hin gammaddi; \q2 gammoojjiin firinxiixxee, \q2 akka daraara'aa hin daraarti. \q1 \v 2 Goomoleen daraaraa hedduu daraartee, \q2 guddoo firinxiixxee, hin ilillitti; \q2 ulfinni gaara Libaanonii, \q2 arnyi gaara Qarmelosiitii fi \q2 dhooqa Shaaronii isi'iif hin kennama. \q1 Nami marti ulfinna Mootii Waan Maraatii fi \q2 arnya Waaqa keennaa hin dhagga. \b \q1 \v 3 Harka dadhabe jabeessa'a; \q2 jilba lelleqelle jabeessa'a. \q1 \v 4 Worra gadhaan isaanii soda'aan qabameen, \q2 «Jabaadha'a; hin sodaatina'a! \q1 Kunoo, Waaqi keessan diinota keessan haluu bayiisaaf, \q2 yakkaa isaan isin irratti hujaneef \q2 gatii isaan kaffalchiisiisaaf, \q2 isin ammoo fayyisiisaaf hin dhufa» jedha'a. \b \q1 \v 5 Achiin duuba ilti worra balla'aa hin bananti; \q2 gurri worra duuda'aalle hin dhage'a. \q1 \v 6 Naafi akka gadansaa hin utaala; \q2 worri afaan duuda'aa, hin ilillisa. \q1 Gammoojjii keessaa bisaan, \q2 goomolee keessaa maddi hin burqa; \q2 \v 7 maansi akka ibiddaa gubu baleessa hin te'a; \q2 lafa godduu keessaa bisaan hin burqa. \q1 Addeen jeedalti keessa leetu \q2 marra, shonbooqqo'oo fi allaaduu hin baatti. \b \q1 \v 8 Achi keessa karaan guddaan hin baya; \q2 maqaan isaalle, «Karaa Woyyicha» hin jedhama. \q1 Karaa san irra kolbaa Waaqaa qofattuu deema malee, \q2 worri battiin irra hin deemu; \q2 worri gowwooleelle irra hin deemu. \q1 \v 9 Neenqi achi hin jiraatu; \q2 bineensi hamaan achi irra hin ideemu. \q1 Worra wodame qofattuu achi irra ideema. \q1 \v 10 Worri Mootiin Waan Maraa wode hin deebi'an; \q2 faarfataa gara Xiyoonii hin galan. \q1 Kallacha gammada bara baraa mata'atti hin keyatan; \q2 isaan gammadaa fi qananummaa hin dhaggatan; \q2 gaddaa fi aadiis isaan irraa hin fagaata. \c 36 \s1 Senaaheriib Yerusaalemitti Duule \p \v 1 Hisqiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii arfeesso'ootitti, mootiin Asoorii Senaaheriib, qachaa Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara lolee qabate. \v 2 Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib ajajaa loltoota ifii Rabshaaqee, loltoota hedduu woliin Laakiishi irraa addee mootichi Hisqiyaas jiru gara Yerusaalemii erge. Ajajaan loltootaa sun dhufee, anguree\f + \fr 36:2 \fr*\fqa Anguree: \fqa*\ft Karaa bisaan hidha qabame keessa yaa'u.\ft*\f* baleessa gatiitti'ii\f + \fr 36:2 \fr*\fqa Gatiitti'ii: \fqa*\ft Yookiin gara olii jechuulle hin dande'ama.\ft*\f* ka karaa fichaa namicha woyaa dhiquu geessu bira dhaabbate. \v 3 Achitti itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsi'ii ilmi Asaafii Yo'aan, gara isaa gad bayane. \v 4 Ajajaan loltootaa Rabshaaqeen Hisqiyaasitti isaan ergee, «Mootiin Asoorii guddichi, ‹Ati maan addattee bidhaa male teetta? \v 5 Ati afaan callaan mala lolaatii fi hunna loltootootaa si'iif te'a seetaa? Ati eennu addattee na irratti kaate? \v 6 Biyya Gibxi'ii ta akka shonbooqqoo caccaddee ta yennaa qabatanu harka namaa woraantee madeessituu addattaa? Mootiin Gibxi'ii nama isatti addatu maraaf akkasuma› jedha. \p \v 7 «Ati, ‹Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti addanna› anaan yoo jette, inni Mootuma Waan Maraa ka ati, worra Yihuda'aatii fi Yerusaalemiitiin, ‹Addee ciinca'aa tana duratti waaqonfatiisa qaddan› jettee, addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa balleessitee motii? \v 8 Amma koyiitii goottaa kiyya mootii Asoorii woliin wol morki; namoota farda irra tee'anee loluu dande'anu abbootii fardaa yoo qabaatte, ani fardoo kuma lama si'iif hin kenna. \v 9 Ati garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ka worra Gibxi'iititti addattulle, tajaajiltoota goottaa kiyyaa keessaa ka guddoo diqqa'aatuu ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu. \v 10 Ani biyya tana fedha Mootii Waan Maraatiin ala lolee balleessiisaaf dhufe seetaa? Mootii Waan Maraatittuu, ‹Biyya tanatti duuliitii balleessi› anaan jedhe» jedhe. \p \v 11 Achiin duuba Eliyaaqim, Shebnaa fi Yo'aan, ajajaa loltootaatiin, «Kolbaan dalleya dhaka'aa irra jirtu hin dhageettii, afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin; nuuti waan beennuuf, afaan worra Sooriya'aatiin\f + \fr 36:11 \fr*\fqa Worra Sooriya'aa: \fqa*\ft Bara durii \ft*\fqa Aaram \fqa*\ft jedhaman.\ft*\f* nu tajaajiltoota teetitti dubbadhu» jedhane. \p \v 12 Inni deebisee, «Goottaan kiyya dubbii tana goottaa keessanii fi isin qofatti akka dubbadhuuf na erge isinitti fakkaataa? Namoota dalleya dhaka'aa irra jiranu worra akkuma keessan udaan ifii nyaatu'uuf jiruu fi fincaan ifii unu'uuf jiruuf akka dubbadhuuf na ergee motii ree?» jedhe. \p \v 13 Achiin duuba ajajaan loltootaa sun dhaabbatee, qoonqoo ol qabatee afaan Ibrootaatiin, «Dubbii mootii guddaa Asoorii dhage'a'a! \v 14 Mootichi, ‹Hisqiyaas isin baasuu waan hin dandeenneef, inni isin hin sobin› jedha. \v 15 Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa dhugumaan nu hin baasa; qachaan kunille harka mootii Asooriititti dabarfamee hin kennamu› jedhee Mootii Waan Maraatitti akka addattanu isin hin godhin. \v 16 Waan Hisqiyaas jedhu hin dhage'ina'a. Mootiin Asoorii, ‹Na woliin araarama'a; gara kiyya kowa'a; achiin duuba tokko tokkoon keessan midhaan woyni'ii keessanii fi midhaan harru'uu keessan hin nyaattan; boolla bisaanii teessan keessaa bisaan hin untan. \v 17 Tun haga ani dhufee lafa akka lafa teessanii fakkaattu, lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii, lafa daabbo'ootii fi lafa muka woyni'ii isin geessutti teeti› jedha. \v 18 Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa nu hin baasa› jedhiisaan, yennaa isin dokonkorsu isa hin caqasina'a! Waaqota gosa biyya adda addaa keessaa, lafa ifii harka mooticha Asoorii jalaa ka baase jiraa ree? \v 19 Waaqoti Haama'aatii fi Arphaadii eessa jiran ree? Waaqoti Sefarwaayimiille eessa jiran ree? Isaan qachaa Samaariya'aa harka kiyyaa baasaneeranii ree? \v 20 Waaqota biyyoota tanaa mara keessaa lafa ifii harka kiyyaa ka baasuu dande'e kam ree? Mootiin Waan Maraa attam Yerusaalem harka kiyyaa baasuu dande'a ree?» jedhe. \p \v 21 Mootichi Hisqiyaas, «Deebii isaaf hin kennina'a» jedhee waan isaan ajajeeruuf, kolbaan cadhitte; waan tokkolle hin deebinne. \v 22 Achiin duuba itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsii mana mootumma'aa ilmi Asaafii Yo'aan, gaddanee woyaa ifii tarsaasane; gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, waan ajajaan loltoota Asoorii dubbate isatti himane. \c 37 \s1 Hisqiyaas Akka Isaayaas Isa Gorsu Gaafate \r (2 Mot. 19:1-7) \p \v 1 Mootichi Hisqiyaas tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; woyaa gaddeelle uffatee gara Galma Mootii Waan Maraa seene. \v 2 Inni itti gaafatamaa mana mootumma'aa Eliyaaqim, barreessaa mana mootumma'aa Shebna'aa fi hayyootaa keessaa worra jaarsole'etti woyaa gaddaa uffisee, gara Isaayaasii raagicha ilma Amosii isaan erge. \v 3 Isaan Isaayaasiin, «Mootichi Hisqiyaas, ‹Barri kun bara rakkinnaa, bara adabbi'iitii fi bara salphinnaa ti; akka dubartii deyiisa geettee hunna ittiin ciniinsifattee deettu dhadduu ti. \v 4 Dubbii ajajaa loltootaa Rabshaaqeenii ta goottaan isaa mootiin Asoorii isa ergee, Waaqa jiraata'atti akka inni murgu godhe tana dhage'ee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isa hin adaba fa te'aa, worra hafeef daadimadhu› jedha» jedhane. \p \v 5 Tajaajiltooti Hisqiyaasii mootichaa gara Isaayaasii yennaa dhufane, \v 6 inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, goottaa keessaniin, ‹Dubbii tajaajiltooti mootii Asoorii na faanshessite waan dhageetteef hin sodaatin. \v 7 Kunoo, ani ayyaana akka inni oduu dhage'ee gara biyya ifii deebi'u isa godhu isaaf hin kenna; achitti shallaaga'aan akka inni du'u hin godha› jedheera, jedha'aatii itti hima'a» jedhe. \s1 Senaaheriib Ammalle Mooticha Yihuda'aatitti Roorrise \p \v 8 Mootiin Asoorii qachaa Laakiishii lakkisee akka deeme, ajajaan loltoota Asoorii dhage'ee yennaa deebi'e, inni qachaa Liibna'aa loliisatti jiruun dhagge. \v 9 Mootiin Itoophiya'aa\f + \fr 37:9 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* Tiirhaaqaan akka isa loliisaaf dhufaaru Senaaheriib yennaa dhage'e, Hisqiyaasitti namoota ergee, \v 10 «Ee Mootii Yihuda'aa Hisqiyaas! Waaqi ati itti addattu sun, ‹Yerusaalem harka mootii Asooriititti dabarfantee hin kennantu› jedhee si hin sobin. \v 11 Kunoo, ati waan moototi Asoorii biyyoota mara godhane, akka isaan ijjumaa isaan balleessane dhageetteerta; ati hin baata seetaa? \v 12 Kolbaa qachaa Gozaanii, kolbaa qachaa Kaaraaniitii fi kolbaa qachaa Rezeefii, akkasuma kolbaa Edenii ta Tel-Asaar keessa leetuu ta abbootiin tiyya ta durii balleessite, Waaqoti gosa biyya adda addaa isaan baasaneeranii ree? \v 13 Moototi qachoota Haamaatii, Arphaadii, Sefarwaayimii, Henaatii fi Iiwaa meet ree?» jedhe. \s1 Daadimata Hisqiyaasii \p \v 14 Mootichi Hisqiyaas worra ergame irraa xalayaa fuudhee dubbise; achiin duuba gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee, xalayaa san Mootii Waan Maraa duratti diriirsee, \v 15 isa daadimatee, \v 16 «Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, Waaqa Israa'elii, ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduun\f + \fr 37:16 \fr*\fqa Dada ol-gubba'aa ta koola qaddu: \fqa*\ft Dadi koola qaddu ta dhaggama Waaqaa bakka buutu.\ft*\f* gubbaa barcumaa mootumma'aa irra teetteertu, Waaqi mootota biyya lafaa maraa si qofa; ati lafaa fi ol-gubbaa daddeerta. \v 17 Ee Mootii Waan Maraa, gurra keeti gara keenna deebifadhuu dhage'i; ila teetille banadhuutii ilaali; jecha Senaaheriib si Waaqa jiraataa arrassiisaaf erge dhage'i. \v 18 Ee Mootiin Waan Maraa, moototi Asoorii gosa biyya adda addaatii fi lafa isaanii mara dhugumaan balleessaneeran; \v 19 waaqota isaaniille ka dhaka'aa fi muka irraa harka namaatiin bocamanee hujamane gubanee balleessaneeran. \v 20 Ammalle, ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna! Mootummaan lafaa marti, Mootiin Waan Maraa Waaqi si qofa akka te'e akka beekanuuf, harka mootii Asoorii jalaa nu baasi» jedhe. \s1 Ergaa Isaayaas Mooticha Hisqiyaasitti Erge \p \v 21 Achiin duuba ilmi Amosii Isaayaas ergaa gara Hisqiyaasii ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani waan ati marroo Senaaheriibii mootii Asooriitiif daadimatte dhage'eera› jedha. \v 22 Mootii Waan Maraa marroo isaatiif, ‹Ee Senaaheriib, kolbaan Yerusaalemii si tuffattee sitti murgiti; si'ii dheettuun kolbaan Yerusaalemii si duubaan sitti kolliti. \v 23 Ka ati arrassitee fi ka ati faanshessite eennu? Ati eennu irratti barooddee ila teeti baache? Ana woyyicha Israa'elii irratti motii?› jedha \v 24 Ati karaa ergantoota teetiitiin, Mootii Waan Maraa irratti murgitee, ‹Ani garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu heddu'uun gara qaccee gaarotaatitti, qaccee gaarota Libaanoniititti ol bayeera; qaccee gaarota sanii irraa hindheensa dhedheera'aa fi birbirsa dadansaa jijjisseera; gara gongomaa ciggaa addee ol kaate irra jiru keessa seeneera. \v 25 Biyya ormaa keessatti boolla bisaanii qotee, bisaan achii uneera; faana miila kiyyaatiin lagoota Gibxi'ii mara gosseera› jette. \p \v 26 «Mootiin Waan Maraa, ‹Waan amma te'e kana akka ani qopheesse, bara heddu'uun dura karoora akka baase, qachoota dalleya dhaka'aa qabanu akka ati butuchitu, tuulaa kosi'iille akka ati isaan gootu, akka ani godhe ati hin dhageennee? \v 27 Kolbaan qachoota san keessa leetu hunna dhaddee, sodaattee qaanotteerti; akka biqiltuu diida keessaa yookiin akka marra lattu'uu, akka marra mana irratti latee, akka midhaan qilleensaan qooree te'aneeran. \p \v 28 «‹Ani ammoo ka'aa fi teessoo teeti, bayaa fi gala keeti, aari'iin na irratti ka'iisa keeti beekeera. \v 29 Ati aari'iin na irratti waan kaateef, kooriisa keetille waan dhage'eef, ani saganaa kiyya funnaan keetitti, bixaala kiyya afaan keetitti keyee, karuma dhutte si deebisa› jedha» jedhe. \p \v 30 Isaayaas ammalle mooticha Hisqiyaasiin, «Tun beessisa si'iif hin teeti: ‹Baranaa fi bara dhufu midhaan haaga'ee hin nyaatta; woggaa sadeesso'oo ammoo midhaan facaattee hin haammatta yookiin muka woyni'ii dhaabbattee midhaan isi'ii hin nyaatta. \b \q1 \v 31 «‹Sanyii Yihuda'aa keessaa worri miliqee hafe, \q2 akka mukaa hidda gad yaafatee \q2 midhaan hedduu hin buusa. \q1 \v 32 Worri Yerusaalem keessatti baraaree hafanee fi \q2 worri gaara Xiyoonii irratti lubbu'uun hafane hin dhufan; \q2 hinaaffaan Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee \q2 tana hin gooti› jedhe. \p \v 33 «Tanaaf Mootiin Waan Maraa marroo mootii Asoorii, ‹Inni qachaa kana hin seenu yookiin daaya as itti hin darbatu; wontee qabattee itti hin dhikaattu yookiin kushee itti hin ijaarratu. \v 34 Inni karuma dhufe deebi'a malee, qachaa kana hin seenu. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. \v 35 Ani ulfinna kiyyaa fi waadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee, qachaa kana hin eega; hin hamburalle'e› jedheera» jedhe. \p \v 36 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa bayee, quttuma worra Asoorii keessatti, namoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan ijjeese; boruyyaa ganama namooti yennaa ka'anu, nami marti du'eeruun dhaggane. \v 37 Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib, addee quttumaa san lakkisee gara qachaa Nanawwe'ee deebi'ee achi le'e. \v 38 Gaafa tokko inni galma seenee waaqa ifii ka «Nisroo» jedhamu waaqonfatiisatti adoo jiruu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer shallaaga'aan isa ijjeesanee, gara lafa Araaraatiititti baqatane; addee isaatitti ilmi isaa Esaar-hadon mootii te'e. \c 38 \s1 Hisqiyaas Dhibamee Fayye \r (2 Mot. 20:1-11; 2 Dab. 32:24-26) \p \v 1 Bara san mootichi Hisqiyaas guddoo dhibamee du'uu geyeeraayyu; Isaayaasiin raagichi ilmi Amosii gara isaa dhaqee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati hin duuta malee, dhibee teeti irraa waan hin fayyineef, waan mara midhaaffadhu› siin jedha» jedheen. \p \v 2 Achiin duuba Hisqiyaas fuula ifii gara dhaaba manaa garagalee Mootii Waan Maraa daadimatee, \p \v 3 «Ee Mootii Waan Maraa, ani addatamumma'aa fi gadhaa tokkochaan si tajaajilee, yennaa mara waan si duratti dansaa te'e akka huje qaabadhu» jedhee laaleffatee bowe. \v 4 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Isaayaasii dhufee, \v 5 «Dhaqiitii Hisqiyaasiin, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi abbaa keeti Daawitii daadimata keeti dhage'eera; imimmaan teetille dhaggeera; ani bara jiruu teetii irratti woggaa kudhanii shan hin ede'a. \v 6 Ani si'ii fi qachaa Yerusaalemii kana harka mootii Asoorii jalaa hin baasa; ani qachaa kanalle hin eega› jedhi» jedheen. \p \v 7 Isaayaas deebisee, «Mootiin Waan Maraa waadaa si'iif gale kana akka muummessuuf, beessisi inni si'iif kennu kana: \v 8 Inni, ‹Kunoo, gaaddisa adu'uun yaabbannoo Ahaazii irratti gad gale kana, tarkaaffii kudhan gara duubaa akka deebi'u hin godha› jedheera» jedhe. Maarre gaaddis tarkaaffii kudhan gara duubaa deebi'e. \p \v 9 Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dhibee ifii irraa fayyeen duuba, waan asii gad jiru barreesse: \q1 \v 10 Ani, «Wodhakkaa bara jiruu tiyyaatitti \q2 gara karra addee worri du'e jiruu dhaqaa ree? \q2 Barri kiyya ka hafelle na irraa saamamaa ree? \q1 \v 11 Ani deebi'ee lafa worra jiraata'aatitti \q2 Mootii Waan Maraa, \q2 biyya lafaa irralle'etti namoota hin dhaggu. \q1 \v 12 Akkuma dunkaaniin tissitootaa buqqaatu, \q2 barri jiruu tiyyaa na irraa hin fudhatama; \q2 akkuma worri woyaa dhowu woyaa maru, \q2 akkasuma jiruun tiyya hin maranti; \q2 akkuma nami woyaa dhowu \q2 waan woyaa dhowee itti maru \q2 irraa woyaa muru, \q2 jiruun tiyyalle, \q2 guyyaa tokko keessatti hin muranti. \q1 \v 13 Ani haga latti bariitutti qarqaarsa dhaggatiisaaf iyya; \q2 inni ammoo akka neenqaa lafee tiyya mara caccassa; \q2 guyyaa tokko keessatti jiruu tiyya mura. \q1 \v 14 Ani akka sinbirree doogo'oo\f + \fr 38:14 \fr*\fqa Sinbirree doogo'oo: \fqa*\ft Sinbirreen kun ka bara durii \ft*\fqa Gujiin faroo hima \fqa*\ft jedhu fakkaata.\ft*\f* iyya; \q2 akka saphaliisaalle aada; \q2 ilti tiyya gara ol-gubba'aa ilaaliisaan dadhaddeerti. \q2 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani rakkadheera, \q2 na qarqaar. \q1 \v 15 Eega inni natti dubbatee, \q2 tana godhe ani ammoo maan jedha ree? \q2 Jiruun tiyya waan natti hadhootteef \q2 bara jiruu tiyyaa mara \q2 gad ifi qabee tiradha. \q1 \v 16 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 kolbaan jecha keetii fi waan ati gootuun leeti; \q2 ayyaanni kiyyalle tanaan jiruu dhaggata; \q2 ati na fayyittee, akka le'u na goote. \q1 \v 17 Dhugumaan wonni ani rakkadhee farreef, \q2 bu'aa tiyyaaf. \q1 Ati boolla badi'ii irraa na eedde; \q2 cubbuu tiyya mara naaf lakkitte. \q1 \v 18 Qileen si hin galateeffattu; \q2 duuti si hin leellifattu; \q2 worri du'e addatamummaa teetitti addii hin godhatu. \q1 \v 19 Akkuma ani si leellifadhu, \q2 worri jiru'uun jiru si leellifatan; \q2 addatamummaa teeti \q2 abbootiin ijoollee ifiititti hin himan. \p \v 20 «Mootiin Waan Maraa na hin fayyisa; \q2 tanaaf bara jiruu teennaa mara \q2 meya faaru'uutiin \q2 Galma Mootii Waan Maraa keessatti faarfanna» jedhe. \p \v 21 Isaayaas, «Midhaan harru'uu irraa xaltaa huja'aatii, \q2 iita Hisqiyaasii irra keya'a; innille hin fayya» jedheeraayyu. \q1 \v 22 Hisqiyaasille, «Ani gara Galma Mootii Waan Maraa \q2 akka ol bayu beessisi maan?» jedhee gaafateeraayyu. \c 39 \s1 Ergantoota Baabilon Irraa Dhutte \r (2 Mot. 20:12-19) \p \v 1 Yennaa san mootiin Baabilonii ilmi Baladaanii Merodaak-Baladaan, Hisqiyaas dhibamee akka fayye dhage'ee, xalaya'aa fi kennansa isaaf erge. \v 2 Hisqiyaas ergantoota san gammadaan fudhatee, karra mana karri mootumma'aa keessatti kuufame keessa jirtu mara meetii, worqii, uddowaa adda addaa, fiqiree gatii guddo'oo, mana meya woraanaa ka karra mana mootumma'aatii fi karra mootummaa isaa keessatti dhaggantu mara tokkolle adoo hin hamburin isaanitti mudhise. \v 3 Achiin duuba raagichi Isaayaas gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqee, «Worri kun maan si'iin jedhane? Isaan eessaa dhufane?» jedhee gaafate; \p Hisqiyaas deebisee, «Isaan biyya fago'oo Baabilon irraa dhufane» jedhe. \p \v 4 Maarre Isaayaas, «Isaan mana mootumma'aa keeti keessatti maan dhaggane?» jedheen. \p Hisqiyaas deebisee, «Isaan waan mana mootumma'aa kiyya keessaa mara dhagganeeran; karra tiyya keessaa wonni ani isaanitti hin mudhisin tokkolle hin jiru» jedhe. \p \v 5 Achiin duuba Isaayaas mootichaan, «Jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee dhage'i! \v 6 Mootiin Waan Maraa, ‹Karri mana mootummaa teeti keessaatii fi karri abbootiin teeti ta durii haga adhaa wolitti qabatte marti gara biyya Baabilonii guyyaan fudhatamanu hin dhufa; wonni tokkolle si'iif hin hafu. \v 7 Ilmaan teeti ta uumattu keessaa gariin gara biyya Baabilonii hin fudhataman; mana mootummaa mootii Baabilonii keessatti guneessota te'anee hin tajaajilan› jedha» jedhe. \v 8 Achiin duuba Mootichi Hisqiyaas, «Haga ani jiru nageennii fi gabbiin hin te'a» jedhee waan yaadateef, Isaayaasiin «Jechi Mootii Waan Maraa ka ati dubbatte dansa'a» jedhe. \c 40 \s1 Jecha Addi'ii \q1 \v 1 Waaqi keessan, «Jajjabeessa'a; \q2 kolbaa tiyya jajjabeessa'a! \q1 \v 2 Gadhi-laafumma'aan \q2 Kolbaa Yerusaalemiititti dubbadha'aatii, \q2 itti lallaba'a; \q2 barri garbummaa isaanii dhumateera; \q2 gatii cubbuu ifii maraaf, \q2 harka Mootii Waan Maraa irraa \q2 adabbii dachaa lama fudhataneeran» jedha. \b \q1 \v 3 Qoonqoon nama goomolee keessaa lallabu tokkoo, \q1 «Goomolee keessatti \q2 karaa Mootii Waan Maraa qopheessa'a; \q2 Gammoojjii keessatti \q2 karaa guddaa Waaqa keennaaf qajeelcha. \q1 \v 4 Dhooqi martinuu hin guutti; \q2 koobii fi gaarri martinuu hin diriiran. \q2 Latti bu'aa bayiin hin qajeelti. \q2 Latti kattattaan wol hin qixxootti. \q1 \v 5 Achiin duuba ulfinni Mootii Waan Maraa hin mudhata; \q2 Mootiin Waan Maraa ifumaafuu waan dubbateef, \q2 nami marti tana hin dhagga» hin jedha. \b \q1 \v 6 Qoonqoon takka, «Iyyi» naan jette. \q1 Anille, «Maan jedhee iyya?» jedhee gaafadhe. \q1 Qoonqoon sun, «Nami marti akka marraa ti; \q2 ulfinni isaanii marti akka daraaraa diida keessaa ti. \q1 \v 7 Yennaa Mootiin Waan Maraa hafuura itti baafatu, \q2 marri hin qoora; \q2 daraaraalle hin harca'a; \q2 dhugumaan kolbaan akka marraa ti. \q1 \v 8 Marri hin qoora; \q2 daraaraalle hin harca'a; \q2 jechi Waaqa keennaa ammoo, \q2 haga bara baraa jabaatee le'a» jette. \b \q1 \v 9 Ee isin worri Xiyoonitti oduu gammadaa hintanu, \q2 gaara dheera'atti ol baya'a. \q1 Ee isin worri Yerusaalemitti oduu gammadaa hintanu, \q2 qoonqoo teessan ol-qabadha'aatii iyya'a; \q2 qoonqoo teessan ol qabadha'a, hin sodaatina'a! \q1 Qachoota Yihuda'aatiin, \q2 «Waaqi keessan kunoo ti!» jedha'a. \b \q1 \v 10 Kunoo, Goottaan Mootiin Waan Maraa, \q2 hunnaan hin dhufa; \q2 irree ifiitille'een hin bulcha. \q1 Kunoo, gatiin inni kennu, \q2 harka isaa jirti; \q2 waan kaffalu ifi duraa qaba. \q1 \v 11 Inni akka tisse'ee, hoolee ifii hin tissa; \q2 inni akka ilmoolee hoole'ee \q2 harka ifiitiin wolitti qabaa, habbaarata; \q2 haadhotii ilmoole'ee malaan sooressa. \s1 Ka Waaqaan Wol Qixxowu Eennu \q1 \v 12 Bisaan ooboo harka ifiitiin ka safare, \q2 yookiin ol-gubbaa taakkuu ifiitiin ka mike\f + \fr 40:12 \fr*\fqa Mike: \fqa*\ft Taakkuu meeqa akka teetu ilaale jechu'u.\ft*\f* eennu? \q2 Yookiin eentu biyyee kollonjo'otti naqee fixuu dande'a? \q1 Eentu gaarotaa fi koobota madaala irra keyuu dande'a? \q1 \v 13 Eentu qalbii Mootii Waan Maraa hubatee, \q2 isatti gorsee isa barsiisuu dande'e? \q1 \v 14 Beekkumsa dhaggatiisaaf, \q2 Mootiin Waan Maraa eennu gorsa gaafate? \q2 Karaa qajeelaa eentu isa barsiise? \q2 Eentu beekkumsa isa barsiise? \q2 Yookiin eentu daandii hubatiisaa isatti mudhise? \b \q1 \v 15 Gosi biyya adda addaatuu \q2 akka copha bisaanii ka sakkeelloo keessaa ti; \q2 isaan akka bukuu madaala irraa ti; \q2 kunoo, inni oddoolota akka bukuun kaatu hin kaasa. \q1 \v 16 Muki Libaanon keessaa \q2 ibidda addee ciinca'aatiif hin gewu; \q2 bineensoti achi keessaalle \q2 ciinca'aaf hin geyanu. \q1 \v 17 Gosi biyya adda addaa \q2 isa duratti womaa moti; \q2 isaan isa duratti \q2 waan tokkolle'etti hin laakkowamanu. \b \q1 \v 18 Waaqa eennuun wol fakkeessitan? \q1 Yookiin fakkii tamiin wol fakkeessitan? \q1 \v 19 Waaqa dharaa, nama hujii harkaa beekutti boca; \q2 nami worqii baqisiisu worqii itti gonfa; \q2 haachaba meeti'iille itti seesa. \q1 \v 20 Nami deegi kennansa akkasii kenniisaaf hin dandeenne, \q2 muka dafee hin hurroonne filata. \q1 Fakkii hin jinne dhaabbatiisaaf, \q2 ogeessa nama hujii harkaa beeku barbaadata. \b \q1 \v 21 Isin hin beennee ree? \q2 Isin hin dhageennee? \q1 Durii jalqabee \q2 isinitti hin himannee? \q1 Biyyi lafaa haga dadantee \q2 isin hin hubannee ree? \q1 \v 22 Inni biyya lafaatiin gubbaa \q2 barcumaa mootummaa ifii irraa tee'a; \q2 kolbaan biyya lafaa isa duratti akka korophiisaa ti; \q1 Inni ol-gubbaa akka golla'aa hin diriirsa; \q2 akka dunkaanii keessa le'anuulle hin dhaaba. \q1 \v 23 Inni qondaaltota akka womaa hin te'initti, \q2 bulchitoota biyya lafaalle akka hin jirree godha. \q1 \v 24 Isaan akka biqiltuu \q2 reefuu dhaabanteetii fi akka midhaan reefuu facaafamee, \q2 adoo hiddi isaanii hin qabatin, \q2 inni hafuura itti baafannaan goddeetii fi \q2 akka hicaacee hobonbolattiin haxoottee ti. \q1 \v 25 Waaqi Woyyichi, «Ana eennuun wol fakkeessitan? \q2 Ka na woliin wol qixxe'ee eennu?» jedha. \q1 \v 26 Ol jedha'aatii gara ol-gubba'aa ilaala'a; \q2 urjoota tana mara eentu dade? \q1 Inni akka loltootaa tokko tokkoon gad baasaa \q2 isaan laakkowaa, \q2 maqaa maqa'aan isaan mara waama; \q2 inni hunna guddo'oo fi \q2 jabeenna guddaa waan qabuuf \q2 isaan keessaa tokkolle hin badu. \q1 \v 27 Ee Yaaqoob, ee Israa'el, \q2 «Karaan kiyya Mootii Waan Maraa duraa dhokateera; \q2 Waaqi haajaa kiyya naaf hin ilaalle» \q2 jettee maaf gungunta? \q1 \v 28 Ati hin beennee? Ati hin dhageennee? \q2 Mootiin Waan Maraa Waaqa bara baraa ti; \q2 biyya lafaa duudii ka dade isa; \q1 Inni ijjumaa hin dadhabu yookiin hin laafu; \q2 eennulle hubantii isaa qorqoree bira gewuu hin dande'u. \q1 \v 29 Inni worra laafeef \q2 jabeenna hin kenna; \q2 worra dadhabeef hunna hin ede'a. \q1 \v 30 Ijoolleen hin dadhaddi; hin laattille'e; \q2 dargaggootille gufattee hin jiddi. \q1 \v 31 Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo, \q2 hunna ifii hin haareffatan. \q1 Isaan akka risa'aa koolaan hin ka'an; \q2 hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu. \c 41 \s1 Waaqi Israa'el Hin Qarqaara \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, \q1 «Isin worri oddoola keessaa, na duratti cadhisa'a! \q2 Gosi biyya adda addaa jabeenna ifii haareffattee, \q2 gara kiyya dhikaattee dubbattuu ti; \q2 addee mura'aatitti wol dhagginuu ti. \b \q1 \v 2 «Balchumma'aan akka tajaajiluuf, \q2 karaa aduun baatu irraa \q2 kakkaasee ka isa waame eennu? \q2 Inni gosa biyya adda addaa dabarsee isatti kenne; \q2 moototi akka isaaf bitamanu godhe. \q1 Innille shallaagaa ifiitiin akka buku'uu isaan godhe; \q2 guubee ifiitille'een \q2 akka qilleensa hicaacee haxowuu \q2 isaan bittinneesse. \q1 \v 3 Inni isaan ari'aa, rakkoo malee dabare; \q2 karaa miilli isaa qara irra ideemee hin beenne deeme. \q1 \v 4 Tun akka teetu ka godhee fi ka muummesse, \q2 Jalqabumaayyuu dhalooti marti \q2 akka jiraatanu ka godhe eennu? \q1 Ani Mootiin Waan Maraa ka dhaloota duraatii fi \q2 dhaloota duubaa wolille'een jiru, \q2 ani isuma. \b \q1 \v 5 «Kolbaan oddoolota keessa leetu \q2 waan ani godhe kana dhaggitee sodaatte; \q2 worri qaccee biyya lafaa jirulle romme; \q2 isaan wolitti qabamanee gara kiyya dhufane. \q1 \v 6 Isaan marti wol hin qarqaaran; \q2 nami tokko nama kaaniin, ‹Jabaadhu!› hin jedha. \q1 \v 7 Nami hujii harkaa beeku \q2 nama worqii baqisiisu hin jajjabeessa; \q2 ka burrisaan wol qixxeessu, \q2 ka boraatii irratti sibiila tumu jajjabeessa. \q2 Inni hujiin sibiila wolitti qassiisiisaa \q2 tun, ‹Dansa'a› jedha; \q2 fakkiin sun akka hin jinneef \q2 misimaaraan dhowa. \b \q1 \v 8 «Ee Israa'el, tajaajilaa kiyya, \q2 Yaaqoobii ani filadhe, \q2 ati sanyii Abrahaamii jaala kiyyaa ti. \q1 \v 9 Ani qaccee biyya lafaatii si fide; \q2 biyya fago'oo irraa si waame; \q2 ani si'iin, ‹Ati tajaajilaa kiyya› jedhee, \q2 si filadhe malee, si hin ganne. \q1 \v 10 Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin! \q2 Ani Waaqa keeti waan te'eef hin rifatin! \q1 Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara; \q2 harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba. \b \q1 \v 11 «Kunoo, worri sitti aare martinuu \q2 hin fokkifata; hin qaanowalle'e. \q1 Worri si irratti ka'u \q2 akka hin jirre te'anee hin badan. \q1 \v 12 Ati diinota keeti yoo barbaaddelle, \q2 isaan hin dhaggitu; \q2 worri si lolu akka waan hin jirree hin te'an. \q1 \v 13 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti, \q2 ka harka keeti middicha qabee, \q2 ‹Hin sodaatin; ani si qarqaara› jedhu. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa keeti ka si wodu, \q2 Woyyichi Israa'elii, \q2 ‹Ani waan si qarqaaruuf, \q2 ee Yaaqoobii dadhabaa akka corroqaa, \q2 Israa'elii kolbaa diqqoo tana, hin sodaatin› jedheera. \q1 \v 15 Kunoo, ani meya midhaan ittiin dhowanu, \q2 haareya qara qabuu fi \q2 ka ilkaan hedduu qabu si hin godha. \q2 Ati gaarota irra sirbitee hin butuchita; \q2 koobotalle akka hicaace'ee hin goota. \q1 \v 16 Ati isaan hin hafarsita; \q2 qilleensi isaan ol fudhata; \q2 bubbeelle isaan hin bittinneessiti. \q1 Ati ammoo Mootii Waan Maraatitti hin gammadda; \q2 Woyyicha Israa'eliitiin hin koorta. \q1 \v 17 Worri hiyyeeyyi'ii fi worri rakkataan, \q2 bisaan hin barbaadatan; \q2 ammoo hin dhaggatanu; \q2 arrabi isaanii dheebu'uun gogeera. \q1 Ani Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 daadimata isaaniitiif deebii hin kenna; \q2 ani Waaqi Israa'elii isaan hin lakkisu. \q1 \v 18 Ani koobota godduu irraa lagi akka yaa'u; \q2 dhooqa keessaa maddi akka burqu hin godha. \q1 Goomolee gara baleessaa, \q2 lafa godduu gara maddaa hin deebisa. \q1 \v 19 Ani goomolee keessatti birbirsi, \q2 muki gololchaa, muki bisile'ee fi ejersi \q2 akka latanu hin godha. \q1 Gammoojjii keessalle'etti \q2 hindheensii fi muki hindheensa fakkaatu \q2 ka adda addaa akka woliin dhaabamanu hin godha. \p \v 20 «Maarre kolbaan marti waan kana dhaggitee hin beetti; harki Mootii Waan Maraa tana akka godhee fi Woyyichi Israa'elii tana akka dade nami marti qalbeeffatee hin hubata» jedhe. \s1 Mootiin Waan Maraa waaqota dharaa Hin Morma \p \v 21 Mootiin Waan Maraa, mootichi Israa'elii, «Haajaa keessan dhikeeffadha'a! Falmii teessanille himadha'a! \b \q1 \v 22 «Waan gara duraa te'uuf jiru \q2 akka nutti himanuuf, \q2 waaqota dharaa keessan as fida'a; \q2 nuuti akka qalbeeffannuuf, \q2 muummee isi'ii akka beennuuf, \q2 waan tanaan qara te'eeru \q2 yookiin waan gara duraa te'uuf jiru nutti hima'a. \q1 \v 23 Akka isin waaqota teetane akka beennuuf, \q2 me waan ammaa achi te'u nutti hima'a. \q1 Nuuti rifannee akka sodaannuuf, \q2 waan dansaa yookiin waan hantuu huja'a. \q1 \v 24 Isin womaayyuu moti; \q2 hujiin teessanille ijjumaa bu'aa hin qaddu; \q2 nami isin waaqonfatulle ka diqatame. \b \q1 \v 25 «Ani kaaba irraa nama tokko kakkaaseera; \q2 innille hin dhufa; \q2 gara aduun baatuun ka dhufu \q2 ka maqaa kiyya waammatu, \q1 Inni akkuma nami faara dhowu \q2 biyyee faaraa dhidhiitu, \q2 bulchitoota akka dhoqqe'ee hin dhidhiita. \q1 \v 26 Nuuti waan kana akka beennuuf, \q2 ka duraan dursee dubbate eennu? \q1 Nuuti, ‹Inni dhugaa jedhe› akka jennuufille, \q2 ka dur dubbateeru eennu? \q2 Eennulle hin dubbanne. \q1 Nami waan kana dubbate tokkolle hin jiru; \q2 jecha keessan ka dhage'e tokkolle hin jiru. \q1 \v 27 Duraan dursee Xiyooniin, ‹Ilaa, kunoo, \q2 isaan dhufiisatti jiran› jedhee ka hime ana; \q2 Yerusaalemille'eef ergamaa oduu gammadaa himu \q2 ka erge ana. \q1 \v 28 Ani gara waaqota dharaa yennaa ilaalu, \q2 isaan keessaa gorsa ka kennu hin jiru; \q2 yennaa ani isaan gaafadhulle \q2 ka deebii naaf kennu hin jiru. \q1 \v 29 Kunoo, waaqoti dharaa kun marti dhara; \q2 waan tokkolle godhuu hin dande'anu; \q2 fakkiin isaaniille qilleensa duwwa'a» jedha. \c 42 \s1 Tajaajilaa Mootii Waan Maraa \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Tajaajilaan kiyya \q2 ka ani ol qabee fi ka ani filadhe, \q2 ka ani itti gammadu kana. \q1 Ani ayyaana kiyyaan isa hin guuta; \q2 inni gosa biyya adda addaatiif haqa hin fida. \q1 \v 2 Inni hin iyyu yookiin qoonqoo ifii ol hin qabatu; \q2 qoonqoo ifiille karaa irratti hin dhageessisu. \q1 \v 3 Inni shonbooqqoo dhodhootelle hin cassu; \q2 ifa dhaamiisa geyelle hin dhaanfu; \q2 inni addatamumma'aan haqa hin fida. \q1 \v 4 Inni haqa biyya lafaa irratti \q2 haga fidutti, \q2 hin dadhabu, addiille hin kutatu. \q1 Worri oddoola keessa le'u \q2 seera isaa addii godhatan» jedhe. \b \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa \q2 Waaqi ol-gubbaa dadee diriirse, \q2 biyya lafaatii fi \q2 waan isii keessa jiru mara ka dade, \q2 lafa tana irratti namootaaf hafuura ka kenne, \q2 worra lafa irra le'u maraafille jiruu ka kenne, \q1 \v 6 «Ani Mootiin Waan Maraa \q2 balchumma'aan si waameera; \q2 ani harka si qabee, si eega; \q2 kolba'aaf gondooroo, \q2 gosa biyya adda addaatiif \q2 ifa akka teetu si godheera. \q1 \v 7 Ila worra balla'aa akka bantu, \q2 worra hidhame akka hiittu, \q2 worra dukkana mana hidha'aa keessa jirulle \q2 akka baattu si godha. \b \q1 \v 8 «Ani Mootii Waan Maraa ti; \q2 maqaan kiyya isuma kana; \q2 ani ulfinna kiyya waaqota dhibi'iif, \q2 leellisa kiyyalle waaqota dharaatiif hin kennu. \q1 \v 9 Kunoo, wonni dur dubbatante muummotteerti; \q2 ani waan haareya isinitti dubbadha; \q2 adoo isiin hin te'in isinitti beessisa» jedhe. \s1 Faaruu Leellisaa \q1 \v 10 Isin worri abbaayaa irra ideentanu, \q2 isin dadi achi keessa leetanu marti, \q2 isin worri oddoola keessaa \q2 ka achi leetanu marti, \q2 faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; \q2 haga qaccee lafaatille'etti isa leellifadha'a. \q1 \v 11 Goomole'ee fi qachooti achi keessa jiranu, \q2 qoonqoo ifii ol qabatanuu ti; \q2 worri Qedaar keessa le'u, \q2 isa leellisanuu ti; \q1 Worri qachaa Selaa keessa le'u \q2 gammadaan faarsuu ti; \q2 worri gaara gubba'aalle ilillisuu ti. \q1 \v 12 Isaan Mootii Waan Maraatiif \q2 ulfinna kennanuu ti; \q2 leellisa isaalle \q2 worra oddoola keessaatitti lallabanuu ti. \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa \q2 akka nama hunnaamessaa hin duula; \q2 akka nama gootaa hinaaffaan isaa \q2 isa keessaa hin kakkaati; \q2 inni qoonqoo guddo'oon geerarsa lolaa hin geerara; \q2 diinota ifiille hin injifata. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa, \q1 «Ani yennaa hedduu cadhisee, \q2 sarmee, ifi qabadhe; \q2 amma ammoo akka dubartii ciniinsifattuu \q2 hin iyya, ittanaa, hin hargana. \q1 \v 15 Ani koobotaa fi gaarota hin onsa; \q2 waan isaan irratti late mara hin gossa. \q1 Laga oddoola hin godha; \q2 baleessalle hin gossa. \b \q1 \v 16 «Worra ballaa karaa isaan hin beenne irra, \q2 daandii dur isaan deemanee hin beenne irra, \q2 ani isaan hin sooressa; \q2 ani isaan duratti dukkana ifa hin godha; \q2 daandii kattattaalle wol hin qixxeessa. \q1 Ani tana isaaniif hin godha; \q2 isaan hin lakkisu. \q1 \v 17 Worri waaqota dharaatitti addattu, \q2 ka fakki'iin, ‹Isin waaqota keenna› jedhu, \q2 deebi'anee hin qaanowan. \s1 Israa'el Mootii Waan Maraa Caqasuu Didde \p \v 18 «Isin worri duudaan dhage'a'a! \q2 Isin worri ballaan ilaala'aa, dhagga'a! \q1 \v 19 Tajaajilaa kiyya malee, ballaan eennu? \q1 Ergamaa ani erge malee, \q2 duudaan eennu? \q1 Ka akka nama ifi naaf kennee, \q2 yookiin ka akka tajaajilaa kiyyaa ballaan eennu? \q1 \v 20 Ee Israa'el, isin waan hedduu dhaggitaneertan; \q2 ammoo hin qalbeeffanne; \q2 gurri keessan bana'a; \q2 ammoo waan tokkolle hin dhageettanu» jedhe. \q1 \v 21 Mootiin Waan Maraa balchummaa ifiitiif jedhee, \q2 seera ifii gudda'aa fi \q2 ka ulfinna qabu godhiisa jaalate. \q1 \v 22 Kolbaan tun ammoo, saamantee booji'anteerti; \q2 isaan marti boolla keessatti qabamanee, \q2 manni hidha'aa isaanitti cufameera; \q2 isaan saamamaneeran; \q2 nami isaan baasu hin jiru; \q2 isaan booji'amaneeran; \q2 ka, «Isaan deebisa'a!» jedhu hin jiru. \q1 \v 23 Isin keessaa tana ka caqasu eennu? \q2 Waan dhufu'uu jirulle eentu dhage'ee, qalbeeffata? \q1 \v 24 Yaaqoob worra saamutti dabarsee ka kenne eennu? \q2 Israa'el worra booji'utti dabarsee ka kenne eennu? \q1 Mootii Waan Maraa ka nuuti fuula isaa duratti \q2 cubbuu hunye sanii motii ree? \q1 Nuuti karaa isaa hin hordonne; \q2 seera isaatiifille hin ajajanne. \q1 \v 25 Tanaaf inni aarii ifii ta bobeettuu fi \q2 woraana hamaa nutti fide. \q2 Inni bobe'a ibiddaatiin nu marse; \q2 nuuti ammoo hin hubanne; \q2 bobe'i ibiddaa nu gube; \q2 nuuti ammoo hin qalbeeffanne. \c 43 \s1 Waaqi Kolbaa Ifii Hin Woda \q1 \v 1 Amma ammoo, ee Yaaqoob, ka si dade, \q2 ee Israa'el, ka si huje, \q2 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Ani waan si wodeef hin sodaatin; \q2 ani maqa'aan si waameera, ati kiyya. \q1 \v 2 Yennaa ati bisaan keessa dabartu \q2 ani si woliin hin jiraadha; \q2 yennaa ati laga gamatti buutu \q2 bisaan si hin fudhatu; \q2 ibidda keessa yennaa ideentu hin gubattu; \q2 bobeenni ibiddaalle si hin gubu. \q1 \v 3 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, \q2 Woyyichi Israa'elii \q2 fayyisaa keeti. \q1 Ani Gibxii wodoo teetiif, \q2 Itoophiya'aa\f + \fr 43:3 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* fi Saabaa addee teeti hin kenna. \q1 \v 4 Ati na duratti gatii guddo'oo fi \q2 ulfinna waan qadduuf, \q2 ani waan si jaaladhuufille addee teeti kolbaa, \q2 addee lubbuu teetii gosa biyya adda hin kenna. \q1 \v 5 Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin! \q1 Ani ijoollee teeti karaa aduun baatu irraa hin fida; \q2 karaa aduun seentulle'e isin \q2 wolitti hin qaba. \q1 \v 6 Ani biyya kaabaatiin, ‹Kolbaa tiyya fida'a!› \q2 Biyya kibbaatille'een, \q2 ‹Isaan hin dhooggina'a!› hin jedha; \q2 ilmaan tiyya biyya fago'oo irraa, \q2 ijoollee tiyya ta durraa qaccee biyya lafaatii fida'a. \q1 \v 7 Kolbaa maqaa kiyyaan waamante mara, \q2 ta ani ulfinna kiyyaaf dadadhe, \q2 ta ani bifa itti tolchee huje fida'a!» hin jedha. \s1 Israa'el Dhugaa Baatota Mootii Waan Maraa Ti \p \v 8 Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa tiyya ila adoo qadduu ta hin dhaggine, \q2 gurra adoo qadduu ta hin dhageenne fida'a. \q1 \v 9 Gosi biyya adda addaa marti wolitti qabantuu ti; \q2 kolbaan marti wolitti dachaatuu ti. \q1 Isaan keessaa duraan dursee tana ka nutti hime, \q2 waan dur te'eeru ka nutti lasse eennu? \q2 Worri dhibiin dhage'ee, \q2 ‹Tun dhuga'a› akka jedhu, \q2 sirrii akka te'ane mirkaneessiisaaf, \q2 dhugaa baatota dhikeeffatanuu ti. \b \q1 \v 10 «Isin beettanee, \q2 akka natti dhugeeffattanu, \q2 tana ka godhe ana Waaqa dhuga'aa akka te'e \q2 akka hubattanu, \q2 isin kolbaan Israa'elii, \q2 dhugaa baatota tiyya; \q2 tajaajilaan ani filadhelle isinuma; \q1 Anaan qara waaqi dhibiin hin jiru; \q2 anaan duuballe hin jiraatu. \b \q1 \v 11 «Anumattuu Mootii Waan Maraa ti; \q2 ana malee fayyisaan dhibiin hin jiru. \q1 \v 12 Ani duraan dursee himeera; \q2 isin fayyiseera; \q2 isinitti dubbadheera; \q2 waaqoti ormaa odduu teessanitti \q2 tana hin goone. \q1 Ani Waaqa akka te'e \q2 isin dhugaa baatota tiyya. \q1 \v 13 Ani duruuyyuu Waaqa; \q2 gara duraalle ka jiraatu anuma. \q1 Eennulle harka kiyya keessaa bawuu hin dande'u; \q2 waan ani huju eentu jijjiiruu dande'a?» jedhe. \s1 Israa'el Baabilon Jalaa Baate \p \v 14 Mootiin Waan Maraa ka isin wode, Woyyichi Israa'elii, \q2 «Ani marroo teessaniif jedhee \q2 loltoota tiyya Baabilonitti hin erga; \q2 karra qachaa Baabilonii mara hin caccassa; \q2 geerarsa worra Baabiloniille bowatti hin jijjiira. \q1 \v 15 Ani Mootiin Waan Maraa Woyyichi keessan, \q2 ka Israa'el dade, \q2 mootii keessan» jedha. \q1 \v 16 Mootiin Waan Maraa abbaayaa keessatti karaa, \q2 bisaan jabaa keessatti daandii ka baase, \q2 \v 17 garreettota fardo'oon harkifamuu fi fardoo, \q2 loltootaa fi gootota deebi'anee akka hin kaane, \q2 achumatti akka hafanu, \q2 akka bobe'a dhaamuu ka dhaanfe, \q2 \v 18 «Waan durii dedha'a; \q2 waan dabare hin yaadina'a. \q1 \v 19 Kunoo, ani waan haareya hin godha; \q2 isiin ammuma hin teeti; \q2 isin hin hubatanuu? \q1 Ani goomolee keessatti karaa, \q2 lafa godduu keessalle'etti bisaan hin baasa. \q1 \v 20 Ani kolbaa tiyya ta filadhe obaasiisaaf, \q2 goomolee keessatti bisaan, \q2 lafa godduu keessalle'etti \q2 lagi akka yaa'u waan godhuuf, \q2 bineensoti, jeedalli fi guchiin \q2 ulfinna naaf hin kennan. \q1 \v 21 Kolbaan ani ifiif dadadhelle \q2 na hin leellifatti» jedha. \s1 Cubbuu Israa'elii \p \v 22 Mootiin Waan Maraa, «Ee Yaaqoob, ati na hin waammanne; \q2 ee Israa'el, ati na tajaajiliisa dadhaddeerta. \q1 \v 23 Ciincaa naaf dhikeessiisaaf \q2 hoolee naaf hin finne; \q2 ciincaa teetille'een \q2 ulfinna naaf hin kennine. \q1 Kennansa midhaanii akka naaf dhikeessitu, \q2 ani ba'aa si'itti hin teene; \q2 hixaana akka naaf aarsituufille \q2 si hin dadhassiinne. \q1 \v 24 Beesee teetiin dakkara naaf hin binne; \q2 yookiin ciincaa coomaa teetille'een \q2 dharraa na hin baanne; \q2 ammoo cubbuu teetiin ba'aa natti teetee, \q2 yakkaa teetiin na dadhassiitte. \q1 \v 25 Ka ifumaaf jedhee, \q2 yakkaa teeti si irraa balleessu anuma; \q2 ani cubbuu teeti \q2 deebi'ee si irratti hin laakkowu. \b \q1 \v 26 «Waan si godhe himadhu me! \q2 Waan kana wol falmannuu ti; \q2 sirrii akka teete himi. \q1 \v 27 Abbaan keeti ka qaraa cubbuu hujeera; \q2 namooti si'iif dubbatanulle \q2 na finqilaneeran. \q1 \v 28 Tanaaf ani qondaaltota \q2 Galma keessaa hin salphisa; \q2 Yaaqoob ijjumaa balleessee, \q2 Israa'el hin qaanessa» jedha. \c 44 \s1 Mootiin Waan Maraa Waaqi Isa Qofa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob, \q2 Israa'elii ani filadhe, \q2 na dhage'i» jedha. \q1 \v 2 Ka si dade, \q2 gadaamessa haadha teetii keessatti \q2 ka si huje, ka si qarqaaru, \q1 Mootiin Waan Maraa, «Ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob, \q2 Yeshuuruunii ani filadhe, hin sodaatin. \b \q1 \v 3 «Ani lafa dheebisaa irratti bisaan baasee, \q2 lafa godduu irralle lagi akka lola'u hin godha; \q1 Ani sanyii teeti irratti Ayyaana kiyya, \q2 ijoollee ijoollee teeti irralle'etti \q2 eebba kiyya hin dhangalaasa. \q1 \v 4 Isaan akka marra bisilee diida keessaa \q2 akka muka irga lagaa yennaa mara hin bisilan. \b \q1 \v 5 «Kolbaan tokko tokkoon, yaatee dhuttee, \q2 nami tokko, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› hin jedha. \q1 Kuun, maqaa Yaaqoobiitiin ifi hin waama; \q2 ka dhibiin, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› jedhee, \q2 harka ifii irratti hin barreeffata; \q2 maqaa Israa'eliitiin ifi hin waama» jedha. \b \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa mootichi Israa'elii \q2 ka Israa'el wode, \q2 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, \q2 «Ka duraatii fi ka duubaalle ana; \q2 ana malee Waaqi dhibiin hin jiru. \q1 \v 7 Ka akka kiyyaa eennu? \q2 Yoo jiraate dubbatuu ti. \q1 Inni haga ani dur namoota dadeen jalqabee, \q2 waan te'e, waan dhufu'uu jirulle na duratti himuu ti. \q1 \v 8 Hin sodaatina'a; hin nayina'a! \q2 Ani tana isinitti hin hinnee ree? \q2 Durseelle isinitti hin beessinnee ree? \q2 Isin dhugaa baatota tiyya. \q2 Ana malee Waaqi dhibiin jiraa ree? \q2 Ana malee rassaan dhibiin hin jiru; \q2 ani eennulle hin beeku» jedha. \s1 Waaqoti Dharaa Bu'aa Hin Qabanu \p \v 9 Worri waaqota dharaa hujanu marti womaayyuu moti; wonni isaan itti gammadanu sunille bu'aa hin qaddu. Worri isaaniif dhugaa bayu balla'a; beekkumsa hin qabanu; hin qaanowanille'e. \v 10 Eentu waaqa bocatee, waaqa dharaa ka isaaf wo hin baane baqisiifatee hujata ree? \v 11 Kunoo, worri isaan waaqonfatu marti hin qaanowa. Worri waaqota dharaa san huju namuma; isaan marti wolitti qabamanee, fuula kiyya dura dhaabbatanuu ti. Isaan nayanee, hin qaanowan. \p \v 12 Nami sibiila tumu, qarapha'aan qabee, kashila cile'ee keessa keyee, irree ifii jaddu'uun burrisaan tumee waaqa dharaa bifa itti godha. Inni yennaa waan kana huju hin beelowa, hin dheebota, hin dadhaba. \p \v 13 Nami muka bocu muka wodaro'oon mikee, fakkii namaa cile'een irratti kaasee, ura'aan qiriixa; fakkeenna namaatiin seesee hujee mana ifii keessa keyata. \v 14 Inni tana godhiisaaf muka hindheensaa hin mura; birbirsaa fi muka qilxa'aa filee, mukoota gongomaa keessaa woliin akka guddatanu hin lakkisa yookiin hindheensa dhaabee bokkeenni guddisa. \v 15 Muki sun qoraaniif te'a; gamisa muka sanii bobeessee hin qanqaammata; gamisa bobeessee, daabboo itti bilcheeffata; gamisa ammoo waaqa bocatee, hin waaqonfata; kaan waaqa dharaa bocee itti sagada. \v 16 Inni qoraan gamisa ibiddatti naqee, bobeessee sagalee itti bilcheeffata; foon itti woddatee, haga quufutti hin nyaata. Ibidda qanqaammatee, «Hashuu! Ibidda dhaggadhee, O'ifadhe!» hin jedha. \v 17 Muka hafe irraa, waaqota dharaa hujee itti hin sagada; hin waaqonfatalle'e; gara isaa daadimataa, «Ati waaqa kiyya, na fayyisi» jedha. \p \v 18 Namooti akkasii waan tokkolle hin beekanu; waan tokkolle hin hubatanu; akka isaan hin dhaggine, ilti isaanii qabanteerti; akka hin hubanne, qalbiin isaanii duuddeerti. \v 19 Marroo waan kanaa nami itti yaade hin jiru; nami tokkolle beekkumsaa fi hubantii qabaatee, «Ani gamisa muka sanii bobeessee, kashila isaa irratti daabboo bilcheeffadhee, foon itti woddadhee nyaadheera. Muka hafeen waan battii hujaa ree? Turqumaa sanitti sagadaa ree?» ka jedhu hin jiru. \p \v 20 Nami waan daadhaa te'utti addatu, nama qalbiin isaa dokonkortuun dokonkorsite; inni ifi fayyisuu hin dande'u; yookiin, «Wonni harka middicha kiyya irraa kun, waan dharaatii motii?» hin jedhu. \s1 Mootiin Waan Maraa Kolbaa Israa'elii Hin Woda \p \v 21 Mootiin Waan Maraa, «Ee Yaaqoob, ee Israa'el, ati tajaajilaa kiyya waan teeteef, waan kana qaabadhu; \q2 ani si dadeera; ati tajaajilaa kiyya; \q2 ee Israa'el ani si hin dedhu. \q1 \v 22 Ani yakkaa teeti akka duumensaa, \q2 cubbuu teetille akka hurrii ganamaa haxowee balleesseera; \q2 ani waan si wodeef, gara kiyya deebi'i» jedha. \b \q1 \v 23 Ee ol-gubba'a, Mootiin Waan Maraa tana waan godheef, \q2 gammadaan faarsa'a; \q2 ee qilee lafaa, ilillisa'a. \q1 Gaaroti, badda'aa fi muki achi keessa jirtanu marti \q2 Mootiin Waan Maraa Yaaqoob wodee, \q2 Israa'el keessatti ulfinna ifii waan mudhiseef, \q2 faaruu dayyaasa'a. \q1 \v 24 Ka si wode, \q2 gadaamessa haadha teetii keessatti \q2 ka si huje, \q1 Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa, \q2 waan mara dadee, \q2 ol-gubbaa qofuma tiyya diriirsee, \q2 biyya lafaa tanalle badhise, \q2 \v 25 ka beessisa raagota dharaatii fi \q2 worra moru gatii dhassiisee, \q2 qarummaa qaroole'ee garagalchee, \q2 beekkumsa isaaniille gowwumma'atti ka deebisu, \q2 \v 26 waan tajaajiltooti tiyya dubbattee fi \q2 raaga ergantoota tiyyaalle ka muummessu, \q2 Yerusaalemille'een, ‹Kolbaan deebitee si keessa hin leeti›, \q2 qachoota Yihuda'aatille'een, \q2 ‹Deebitanee hin ijaaratan; \q2 bututa keessanille hin haaressa› ka jedhu, \q2 \v 27 abbaaya'aan, ‹Gogi; \q2 laga si keessaa hin gosa› ka jedhu, \q2 \v 28 Qiirosiin, \q2 ‹Inni tissee kolbaa tiyyaa ti; \q2 inni fedha kiyya mara hin muummessa› ka jedhu, \q2 Yerusaalemiin, ‹Deebitee ijaarantuu ti› ka jedhu, \q2 Galma Waaqaatille'een, \q2 ‹Hundeen isaa keyantuu ti› ka jedhu ana» jedha. \c 45 \s1 Mootiin Waan Maraa Qiiros Mootii Godhe \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa ka harka isaa middicha qabee, \q2 gosa biyya adda addaa akka inni harka ifii jala galfatuuf, \q2 mootota irraa meya woraanaa akka inni hiikuuf, \q2 karri qacha'aa akka isatti hin cufanneef, \q2 cufanaan isa duraa akka banamuuf, \q2 Qiirosii akka mootii te'u muudeen, \q2 \v 2 «Ani siin dura hin deema; \q2 gaarota dirree hin godha. \q1 Karra qacha'aa ta sageettuu irraa hujante hin caccassa; \q2 danqaraa sibiilaalle hin mura. \q1 \v 3 Ka maqaa keetiin si waame, \q2 ana Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii \q2 akka te'e akka ati beettuuf, \q2 ani qabeenna dukkana keessa jiruu fi \q2 durummaa addee dhossa'aatitti kuufante si'iif hin kenna. \q1 \v 4 Ati na beekuu dhaddulle, \q2 marroo tajaajilaa kiyyaa Yaaqoobii, \q2 Israa'elii filadheef jedhee, \q2 maqaa keetiin si waamee \q2 maqaa ulfinnaa \q2 si'iif kenneera. \q1 \v 5 Ani Mootii Waan Maraa ti; \q2 ana malee ka dhibiin hin jiru. \q1 Waaqi na qofa; \q2 ati na beekuu dhaddulle, \q2 ani si hin jabeessa. \q1 \v 6 Namooti karaa aduun baatuu \q2 haga karaa aduun seentuu \q2 Mootiin Waan Maraa na qofa akka te'e, \q2 ana malee ka dhibiin akka hin jirre \q2 akka beekanuuf, \q2 ani tana godhe. \q1 \v 7 Ani ifaa fi dukkana dade; \q2 ani nageya hin buusa; \q2 balaalle hin buusa; \q2 ani Mootiin Waan Maraa tana mara godha. \q1 \v 8 Ee ol-gubba'a, gubbaa irraa balchummaa gad roobi; \q2 duumensille balchummaa gad roobuu ti; \q2 latti banantee, fayyinni latuu ti; \q2 balchummaalle isa woliin guddattuu ti. \q1 Ani Mootiin Waan Maraa tana mara dade» jedha. \q1 \v 9 Nama ka isa Dade woliin moromuuf aanne'e! \q2 Inni akka faaraa \q2 harka nama faara dhowu keessa jiruu ti; \q2 faarri nama isa dhowuun, \q2 «Ati maan hujaarta?» hin jedhaa ree? \q1 Wonni inni dhowu sunille, \q2 «Ati harka hin qaddu» hin jedhaa ree? \q1 \v 10 Mucaa abbaa ifiitiin, \q2 «Ati maaf na uumatte?», \q1 Haadha ifiitille'een, \q2 «Ati maaf na deette?» jedhuuf aanne'e! \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa Woyyichi Israa'elii ka isii dade, \q2 «Marroo waan te'uu jiruu, \q2 marroo ijoollee tiyyaa na gaafattanii ree? \q2 Marroo hujii harka kiyyaalle \q2 na ajajjanii ree? \q1 \v 12 Lafa dadee, namootalle isii irratti ka dade ana; \q2 ol-gubbaa harka kiyyaan diriirsee, \q2 urjoota ol-gubba'aalle ka ajaje anuma. \q1 \v 13 Ani balchumma'aan Qiiros kaaseera; \q2 karaa isaa duudiille qajeelcheera. \q1 Inni qachaa kiyya deebisee hin ijaara; \q2 worra na duraa booji'ame \q2 gatii malee yookiin kaffaltii malee \q2 bilisa hin baasa» jedha \q2 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade. \p \v 14 Mootiin Waan Maraa, \q1 «Karri worra Gibxi'ii, \q2 bu'aan daldala worra Itoophiya'aalle\f + \fr 45:14 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin \fqa*\ft Kuushi jedha. \ft*\f* si'iif hin te'a; \q2 worri Saaba'aa dhedheeraan gara keeti dhufanee, \q2 keeti hin te'an; \q2 wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, si gula hin deeman; \q2 si duratti sagadaa, ‹Dhugumaan Waaqi si woliin jira; \q2 isa malee Waaqi dhibiin hin jiru› jedhaa \q2 si daadimatan» jedhe. \q1 \v 15 Ee Waaqa, fayyisaa Israa'elii, \q2 ati dhugumaan Waaqa ifi dhossitu. \q1 \v 16 Worri waaqota dharaa hujatu marti \q2 hin qaanowan; hin salphatan; \q2 isaan marti wolumatti hin salphatan. \q1 \v 17 Mootiin Waan Maraa ammoo, \q2 fayyinna bara baraatiin Israa'el hin fayyisa; \q2 ee Israa'el, ati haga bara baraa hin qaanottu; \q2 hin salphattulle'e. \q1 \v 18 Ka ol-gubbaa dade, inni Mootii Waan Maraa ti; \q2 Inni lafa bifa itti godhee, jabeessee yennaa dhaabe, \q2 akka irra le'anuuf malee, ona akka teetuuf hin danne. \q1 Inni, «Ani Mootii Waan Maraa ti; \q2 ana malee Waaqi dhibiin hin jiru. \q1 \v 19 Ani lafa dukkanaa keessaa, dhossa'aan hin dubbanne. \q1 Ani sanyii Yaaqoobiitiin, \q2 ‹Akkasumaan na barbaada'a› hin jenne; \q2 ani Mootiin Waan Maraa dhugaa dubbadha; \q2 waan sirrii te'e lassa. \p \v 20 «Isin worri gosa biyya adda addaa keessaa \q2 badii irraa ka hattane, \q2 wolitti qabama'aatii kowa'a; as dhikaadha'a. \q1 Worri fakkii waaqota dharaa \q2 Ka muka irraa hujante, ba'atee ideemuu fi \q2 waaqa nama fayyisuu hin dandeenne daadimatu \q2 beekkumsa hin qabu. \q1 \v 21 Haajaa keessan dubbadha'aatii dhikeeffadha'a; \q2 wolitti qabama'aatii mari'adha'a. \q1 Bara dheera'aan dura eennutti tana hime? \q2 Duraan dursee eentu raage? \q2 Ana Mootii Waan Maraatii motii? \q1 Ana malee, Waaqi balcha'aa fi fayyisaan \q2 dhibiin hin jiru. \q2 Ana malee ka dhibiin hin jiru. \b \q1 \v 22 «Ana malee Waaqi dhibiin waan hin jirreef, \q2 isin worri qaccee biyya lafaa jirtanu marti, \q2 gara kiyya deebi'a'a'aatii fayya'a! \q1 \v 23 Nami marti na duratti hin jilbiiffata; \q2 arrabi martinuu anaan hin kakata; \q2 jechi balchumma'aan afaan kiyya keessaa baye, \q2 akka hin jijjiirane, \q2 ani maqaa kiyyaan kakadheera. \b \q1 \v 24 «Namooti marroo tiyya, ‹Balchumma'aa fi jabeenni \q2 Mootii Waan Maraa qofa biraa dhaggama› hin jedhan» jedhe. \q1 Worri na mormu marti gara kiyya dhufanee hin qaanowan. \q1 \v 25 Sanyiin Israa'elii marti \q2 ana Mootii Waan Maraatiin \q2 balchumma'aa fi ulfinna hin dhaggatan. \b \c 46 \s Waaqota Worra Baabilonii \q1 \v 1 Waaqoti dharaa ka worra Baabilonii, \q2 Beelii fi Neboon hin salphatan; \q2 waaqoti dharaa ka isaanii sun geejjibatti fe'amaneeran; \q2 fakkiin isaan ba'atanee ideemanu sun ba'a'a; \q2 geejjiba itti fe'amane sanille hin dadhassiisan. \q1 \v 2 Isaan geejjiba san woliin hin gugguufan; \q2 ifi fayyisuu hin dande'anu; \q2 isaan hin booji'aman. \b \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa, «Ee sanyii Yaaqoobii, \q2 isin sanyii Israa'elii keessaa worri hattane na dhage'a'a! \q1 Gadaamessa haadha teessanii keessatti natti isin eege; \q2 dhaloota keessaniin jalqabee \q2 ka isin ba'ate ana. \q1 \v 4 Haga isin dulloontanee arrii baatanutti \q2 ka isin ba'atu ana; \q2 ani isin dadeera; isin hin ba'adha; \q2 isin hin qarqaara; isin hin fayyisa. \b \q1 \v 5 «Eennuun na fakkeessitan? \q2 Eennu woliin na wol qixxeessitan? \q2 Yookiin akka wol fakkaannuuf, \q2 eennu woliin na wol fakkeessitan? \q1 \v 6 Worri gariin worqii subba ifii keessaa baafatan; \q2 meetiille madaala irratti madaalan. \q1 Isaan nama worqii baqisiisu qaxaratanee, \q2 inni waaqa isaaniif huja; \q2 achiin duuba isaan waaqa san sagadanee waaqonfatan. \q1 \v 7 Isaan waaqa san ol fuudhanee, gurmuu ifii irratti ba'atanee, \q2 geessanee addee isaaf qophootte hin keyan. \q1 Inni achuma dhaabbata malee, addee san irraa hin tacho'u; \q2 yoo nami isatti iyyate, inni deebii hin kennu; \q2 yookiin rakkoo keessaa nama hin baasu. \b \q1 \v 8 «Isin finqiltooti tana qaabadha'a! \q2 Qalbii teessanille'etti qabadha'a. \q1 \v 9 Waan dur bara dheera'aan dura te'e qaabadha'a; \q2 ani Waaqa; \q2 ana malee Waaqi dhibiin hin jiru; \q2 ka akka kiyyaalle hin jiru. \q1 \v 10 Ani waan muummee irratti dhufu'uu jiru \q2 jalqaba irratti himeera; \q2 waan gara duraa te'uu jirulle duruu himeera; \q2 karoorri kiyya hin te'a; \q2 waan godhiisaaf barbaade hin godha. \q1 \v 11 Ani nama karoora kiyya muummessu \q2 karaa aduun baatuu irraa hin waama; \q2 inni akka risa'aa biyya fago'oo irraa hin dhufa. \q1 Ani waan dubbadhe hin godha; \q2 karoora kiyyalle hin muummessa. \b \q1 \v 12 «Isin worri gadhaa jabaattane, \q2 ka balchummaa irraa fagaattane na caqasa'a. \q1 \v 13 Ani balchummaa tiyya fidiisatti jira; \q2 isiille fagoo hin jirtu; \q2 fayyisiis kiyya hin turu; \q2 ani Xiyooniif fayyinna, \q2 Israa'eliif ulfinna hin kenna. \c 47 \s1 Jinnana Baabilonii \q1 \v 1 «Ee durrittii Baabilonii, \q2 gad bu'iitii bukuu irra tee'i. \q1 Ee durrittii Baabilonii, \q2 barcumaa mootummaa teetii irraa ka'iitii, lafa irra tee'i; \q2 ati haganaa achi, \q2 ‹Bosoqqee yookiin shaggittii› hin jedhantu. \q1 \v 2 Shaashii teeti ta hagooggatte ifi irraa fuudhiitii, \q2 daakuu fudhadhuutii midhaan daaki; \q2 woyaa teeti ifi irraa shooqadhuu \q2 sarbaa teeti mudhisaa, \q2 laga gamatti bu'i. \q1 \v 3 Qullaa jirtuun kolbaan si hin dhaggiti; \q2 nafi hilaa keeti hin mudhata; \q2 Ani haluu hin baya; nama tokkolle hin hamburu» jedhe. \b \q1 \v 4 Ka nu wodu Woyyicha Israa'elii, \q2 maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade. \b \q1 \v 5 Mootiin Waan Maraa Baabiloniin, \q1 «Ee intala Baabilonii, \q2 dhaqiitii, cadhisii dukkana keessa tee'i. \q2 Haganaa achi, ‹Giittii mootummoota› jedhantee hin waammantu. \q1 \v 6 Ani kolbaa tiyyatti aaree, \q2 akka batti'iititti isaan laakkowee \q2 harka keetitti dabarsee isaan kenne. \q1 Ati isaaniif hin mararre; \q2 ati worra dulloomettuu, \q2 waanjoo ulfaattuu itti feete. \q1 \v 7 Ati, ‹Ani haga bara baraa giittii hin te'a› jette malee, \q2 waan tolchite hin qaabanne; \q2 muummee waan saniille hin beenne. \b \q1 \v 8 «Ee ati ta qananummaa jaalattu! \q2 Ta bidhaa malee teettu, \q2 gadhaa keeti keessatti, \q2 ‹Ana malee nami dhibiin hin jiru; \q2 ani ijjumaa haadha hiyyeessaa hin te'u; \q2 yookiin ijoolleen tiyyalle na duraa hin duutu› ta jettu dhage'i! \q1 \v 9 Ati xano'oo fi falfala hedduu qabaatulle, \q2 duuti ijoolle'eetii fi haadha hiyyeessaa te'iis, \q2 wonni lamaan kun dedhuma guyyaa tokkotti sitti hin dhufan. \q1 \v 10 Ati hammeenna keetitti addattee, \q2 ‹Nami na dhaggu hin jiru› jette; \q1 Qarumma'aa fi beekkumsi keeti si dokonkorsee, \q2 gadhaa keeti keessatti, \q2 ‹Ani anuma; ana malee nami dhibiin hin jiru› jette. \q1 \v 11 Wonni hantuun ati xano'oon ifi irraa fageessiisa hin dandeenne \q2 sitti hin dhutti; \q2 balaan ati ifi irraa dhooggatiisa hin dandeenne \q2 sitti hin dhufa; \q2 badiin ati hin beennelle dedhuma sitti hin dhutti. \b \q1 \v 12 «Xano'oo fi falfala keeti \q2 ka ijoollummaa teetiin jalqadde, itti fufi. \q1 Akka wotoo si'iif hin milkootti \q2 yookiin diinota keeti sodaachisiisaaf \q2 si hin qarqaaran fa'a. \q1 \v 13 Gorsa bacaa dhage'iis si dadhassiiseera; \q2 worri gubbaa qorqoru, \q2 ka ji'uma ji'aan urjii ilaalee \q2 waan gara duraa te'u himu, \q2 gara duraa dhufee \q2 waan sitti dhufu jalaa si baasuu ti. \q1 \v 14 Kunoo, isaan akka huuraa ti; \q2 ibiddi isaan hin nyaata. \q1 Isaan hunna bobe'a ibiddaa san jalaa \q2 ifi baasuu hin dande'anu; \q2 kashilli nami o'ifatu hin hafu yookiin \q2 ibiddi bira tee'anee o'ifatanulle hin jiraatu. \q1 \v 15 Daldaltooti teeti ta ati ijoollummaa teeti irraa jalqaddee, \q2 woliin elootte akkasuma. \q1 Tokko tokkoon isaanii dokonkora ifiitiin deeman; \q2 nami si baasu tokkolle hin jiru» jedha. \c 48 \s1 Israa'elii Mataa Jabaattu \p \v 1 Ee ijoollee Yaaqoobii, \q2 ta, «Israa'el» jedhantanu, \q2 worri sanyii Yihuda'aa keessaa dhalattane, \q2 isin worri maqaa Mootii Waan Maraatiin kakattanu, \q2 dhuga'aa fi balchumma'aan adoo hin te'in, \q2 Waaqa Israa'elii ka waammattanu, tana dhage'a'a. \q1 \v 2 Isin, «Nuuti worra qachaa woyyicha keessa le'u; \q2 worra Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii \q2 Ka Waan Mara Dadetti addatu» ifiin jettanu. \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Waan dur bara dheera'aan dura te'e ani dursee himeera; \q2 afaan kiyyalle'een dubbadhee, \q2 akka wonni sun beekkantu godheera; \q2 ani dedhuma isin irratti hujee, wonni sun muummotte. \q1 \v 4 Isin worra mataa-jabaatu akka teetane ani beekeera; \q2 morgey morma keessanii akka sibiilaa, \q2 addi fuula keessaniille akka sageettu'uu ti. \q1 \v 5 Tanaaf, isin, ‹Waaqota dharaa keennatti tana huje; \q2 fakkii teenna ta muka irraa bocantee fi \q2 waaqa keenna ka sibiilaatitti tana ajaje› akka hin jinneef, \q2 ani dursee isinitti himeera. \q1 \v 6 Isin tana dhageettaneertan; isaan mara ilaala'a; \q2 wonni ani jedhe dhugaa akka teete, \q2 isin dhugaa hin baatanuu ree? \q1 Ammaan jalqabee waan haareya, \q2 waan dhossa'aa ka isin hin beenne ani isinitti hin hima. \q1 \v 7 Wonni kun amma dadamane malee, \q2 bara dheera'aan duraa moti; \q2 tanaan qara marroo waan kanaa dhageettanee hin beettanu. \q1 Maarre isin, ‹Nuuti marroo waan kanaa \q2 duruu beenna› jedhuu hin dandeettanu. \q1 \v 8 Isin dur tana hin dhageenne; hin beennelle'e; \q2 duruuyyuu gurri keessan hin bananne. \q1 Ani akka isin sobaaleyyii teetane, \q2 haga dhalataneen jalqaddanee \q2 finqiltoota akka teetane beekeera. \b \q1 \v 9 «Ani maqaa kiyyaaf jedhee, \q2 dafee hin aaru; \q2 kolbaan akka na leellifattuuf jedhee, \q2 isin balleessiisa irraa hin ossadha. \q1 \v 10 Kunoo, akka meetii ibiddaan qulqulleessanu adoo hin te'in, \q2 rakkoo akka ibiddaatiin haga isin ilaaleera. \q1 \v 11 Ani ifumaaf, ifii tiyyaaf jedhee, tana hin godha; \q2 ani attam salphinnaaf ifi dabarsee kenna ree? \q2 Ulfinna kiyya eennulle'eef hin kennu. \s1 Israa'el Bilisa Hin Baati \q1 \v 12 Ee Yaaqoob, Israa'elii ani waammadhe, \q2 na caqasa'a! \q1 Ani Waaqa; \q2 ka duraatii fi ka duubaalle ana. \q1 \v 13 Harka kiyyaan hundee lafaa hundeesse; \q2 harki kiyya middichi ol-gubbaa diriirse; \q2 yennaa ani isaan waamu \q2 isaan marti adduma tokko ol ka'an. \b \q1 \v 14 «Isin marti wolitti qabama'aatii, \q2 na caqasa'a! \q2 Ka ani Mootiin Waan Maraa filadhe, \q2 karoora ani Baabilon irratti baase \q2 akka muummessu'uuf jiru, \q2 akki ani irree tiyya Baabilon irratti \q2 akka ani ol fudhatu'uu jiru, \q2 waaqota dharaa keessaa \q2 dursee ka hime eennu? \q1 \v 15 Anattuu dubbate; anattuu isa waame; \q2 ani isa hin fida; hujiin isaalle hin teetiif. \b \q1 \v 16 «Gara kiyya kowa'aatii, tana caqasa'a! \q2 Ani jalqabaanuu jalqabee dhossa'aan hin dubbanne; \q2 wonni ani dubbadhe \q2 yennaa muummottulle ani achuma jiraayyu» jedha. \b \q1 Ammalle Goottaan Mootiin Waan Maraa \q2 Ayyaana ifiitiin na ergeera. \b \q1 \v 17 Mootiin Waan Maraa ka isin wodu, \q2 Woyyichi Israa'elii, \q1 «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa keessan, \q2 ka waan dansaa akka gootanu isin barsiisu, \q2 karaa isin deentanu ka isin sooressu. \b \q1 \v 18 «Isin ajaja kiyya adoo eegattanee jiraattane, \q2 silaa nageenni keessan akka laga guutee yaa'uu, \q2 balchummaan teessanille \q2 akka danbalii abbaaya'aa hin teetiiyyu. \q1 \v 19 Sanyiin teessan akka maansaa, \q2 ijoolleen teessanille akka buku'uu hin bacattiiyyu. \q1 Maqaan isaanii fuula kiyya duraa ijjumaa hin haxowamu, \q2 yookiin hin badu. \b \q1 \v 20 «Biyya Baabilonii keessaa baya'a; \q2 worra Baabilonii jalaa baqadha'a! \q1 ‹Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Yaaqoob wodeera› jedha'aatii hima'a! \q2 Ilillisaa odeessaa, haga qaccee lafaa lassa'a. \q1 \v 21 Yennaa ani goomolee keessa isaan sooresse, \q2 isaan hin dheebonne; \q2 ani rassaa keessaa bisaan isaaniif baase; \q2 rassaa dhoosee bisaan achi keessaa dhuqatee baye. \b \q1 \v 22 «Worra hamaaleyyi'iif nageenni hin jiru» jedha. \c 49 \s1 Tajaajilaa Mootii Waan Maraa \q1 \v 1 Isin worri oddoola keessaa na caqasa'a! \q1 Isin gosi biyya adda addaa ka fagoo jirtanu tana dhage'a'a! \q1 Gadhaa haadha tiyyaa keessa adoo jiruu \q2 Mootiin Waan Maraa na waame; \q2 adoo ani hin dhalatin maqaa na baase. \q1 \v 2 Inni dubbii afaan kiyyaa \q2 akka shallaagaa qaramee godhe; \q2 gaaddisa harka ifii jalatti na golle; \q2 daaya qarame na godhe; \q2 gonofaa daaya ifii keessalle'etti na dhosse. \q1 \v 3 Inni anaan, «Ee Israa'el, ati tajaajila kiyya; \q2 ani si'iin ulfinna kiyya hin mudhisa» jedhe. \q1 \v 4 Ani ammoo, «Toluma elowe; \q2 hunna tiyyalle waan bu'aa hin qanne irratti fixadhe; \q2 te'uu malee bu'aa hujii tiyyaa \q2 Mootii Waan Maraatitti \q2 naaf murteessa; \q2 gatiin hujii tiyyaa \q2 harka Waaqaa keessa jirti» jedhe. \b \q1 \v 5 Ani tajaajilaa isaa akka te'uuf, \q2 Yaaqoob gara isaa akka fiduuf, \q2 Israa'eloota akka isaaf wolitti qabuuf, \q2 ka gadhaa haadha tiyyaa keessatti na dade, \q2 fuula ifii duratti ulfinna naaf kennee, \q2 ka jabeenna naaf te'e, \q2 Mootiin Waan Maraa ammalle, \q2 \v 6 anaan, «Ati gosa Yaaqoobii ade'etti deebisiisaaf, \q2 kolbaa Israa'elii worra jiru'uun hafe deebittee fidiisaaf, \q2 tajaajilaa kiyya te'iis keeti kaso'o. \q1 Fayyisiisa kiyya haga qaccee biyya lafaa \q2 akka dhaqqassiittuuf, \q2 worra Yihudoota hin te'iniifille \q2 ifa si hin godha» jedhe. \b \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa, Woyyichi Israa'el wodu, \q2 tajaajilaa bulchitootaa, \q2 ka nama gosa biyya adda addaatiin \q2 guddoo tuffatamee jibbameen, \q1 «Mootiin Waan Maraa addatamaan, \q2 Woyyichi Israa'elii waan si fileef, \q2 moototi si dhaggitee, ol si'iif hin kaati; \q2 qondaaltotille si dhaggitee si'iif hin sagaddi» jedhe. \s1 Deebitee Ijaaramiisa Yerusaalemii \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa, «Yennaa na biratti fudhatama qaddutti \q2 ani deebii si'iif hin kenna; \q2 guyyaa fayyinna keetii ani si hin qarqaara; \q2 ani si eegee, kolba'aaf gondooroo akka teetu hin godha; \q2 kolbaa adde'etti hin deebitta; \q2 lafa isaanii ta onte isaaniif hin deebitta. \q1 \v 9 Worra hidhameen, ‹Baya'a!› \q2 Worra dukkana keessa jiruun, \q2 ‹Ifatti baya'a!› akka jettu si hin godha; \q2 isaan irga kara'aatii hin nyaatan; \q2 kooba godduu mara irralle'ee sagalee hin dhaggatan. \q2 \v 10 Ani Mootiin Waan Maraa waan isaan mararfadhuuf, \q2 gara madda bisaaniille waan isaan sooressuuf, \q2 isaan hin beelotanu; hin dheebotanu; \q2 o'i goomole'ee yookiin adu'uu isaan hin miidhu. \b \q1 \v 11 «Ani gaarota kiyya mara karaa hin godha; \q2 karaan guddaan kiyyalle isaaniif wol hin qixxawa. \q1 \v 12 Kunoo, isaan biyya fago'oo irraa \q2 worri gariin biyya kaabaa irraa \q2 worri gariin karaa aduun seentu irraa \q2 worri kuun biyya Siiniimii\f + \fr 49:12 \fr*\fqa Siiniim: \fqa*\ft Yookiin Aswaan amma qachaa biyya Gibxi'ii ti.\ft*\f* irraa hin dhufan» jedha. \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii waan jajjabeessuuf, \q2 worra rakkatelle waan mararuuf, \q2 ee ol-gubba'a, faarfadha'a! \q2 Ee lafa, gammada'a! \q2 Ee gaarota, ilillisa'a! \b \q1 \v 14 Xiyoon ammoo, «Mootiin Waan Maraa na gateera; \q2 Goottaan na dedheera» jette. \p \v 15 Mootiin Waan Maraa, «Haati annuu ifii ta hoosittu \q2 dedhuu dandeettii? \q2 Yookiin finna ifii ta deetteef hin marartuu ree? \q1 Haati annuu ifii deetulle ani ijjumaa Xiyoon hin dedhu. \q1 \v 16 Ee Xiyoon, kunoo ani ganaa harka kiyyaa irratti \q2 si barreeffadheera; \q2 dalleenni keeti ka dhaka'aan ijaarame \q2 yennaa mara fuula kiyya dura jira. \b \q1 \v 17 «Ijoolleen teeti ariiti'iin gara keeti hin deebiti; \q2 worri diigee si balleesse si keessaa hin baqatan. \q1 \v 18 Ol jedhiitii adaala keeti ilaali! \q2 Ilmaan teeti marti wolitti qabantee gara keeti hin dhutti. \q1 Dhugaa ana jiraata'aa, \q2 ‹Ati isaan mara akka seesaa hin uffata; \q2 akka waajibaalle ijoollee teetiin hin miidhadda› jedhee kakadha. \b \q1 \v 19 «Ati diigantee ontulle, \q2 latti teeti duwwaa teetulle, \q2 amma worra si keessa jirutti dhiphattulle, \q2 worri si balleesse si irraa hin fagaata. \q1 \v 20 Ijoolleen teeti ta ati gadditeertuun dhalatte, \q2 si'iin, ‹Latti tun nutti diqqaatteerti; \q2 lafa leenu badhoo nu'uuf kenni› jettuun hin dhageetta. \q1 \v 21 Achiin duuba ati gadhaa keeti keessatti, \q2 ‹Ani ijoollee tiyya dhabeera; eega san hin deenne; \q2 isaan kana eentu naaf deye? \q2 Ani booji'amee, jibbatameeraayyu; \q2 isaan kana eentu naaf guddise ree? \q1 Ani qofi hafeeraayyu; \q2 isaan kun eessaa dhufane ree› hin jetta» jedhe. \q1 \v 22 Goottaan Mootiin Waan Maraa, \q1 «Gosa biyya adda addaa harkaan hin haatadha; \q2 baandiraa kiyyalle kolba'aaf ol hin kaasa. \q1 Isaan ilmaan teeti habbaaranee, \q2 ijoollee durraa teetille gurmuu ifii irratti kaasanee hin fidan. \q1 \v 23 Moototi abbootii guddisoo ijoollee teetii hin teeti; \q2 giittoti isaanii haadhotii guddosoo ijoollee teetii hin teeti. \q1 Isaan fuula ifiitiin lafatti gad hin gombifaman; \q2 miila keeti irralle'ee bukuu hin arraaban. \q1 Achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta; \q2 worri na addatu hin qaanowu» jedhe. \b \q1 \v 24 Nama jabaa irraa waan inni saame, \q2 yookiin nama gadhaa jabaatu irraa \q2 nama inni booji'e harkaa fuudhuu hin dande'anii? \q1 \v 25 Mootiin Waan Maraa ammoo, \q2 «Ee, Wonni nami jabaan saame isa irraa hin fudhatanti; \q2 nama gadhaa jabaatu irraa nami inni booji'e \q2 isa harkaa hin fuudhama; \q2 ani worra si mormu hin morma; \q2 ijoollee teetille hin woda. \q1 \v 26 Worri si cunqursu foon ifii akka nyaatu hin godha; \q2 isaan dhiiga ifii akka daadhii woyni'ii unanee hin machowan. \q1 Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa hunnaamessi Yaaqoobii \q2 ka si fayyisuu fi ka si wodu akka te'e \q2 sanyiin namootaa marti hin beetti» jedhe. \c 50 \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Barreeffam ani ittiin \q2 haadha teessan lakkise meet ree? \q2 Yookiin nama liqaa na irraa qabu keessaa \q2 ani eennutti isin itti gurguradhe? \q1 Isin cubbuu teessaniif gurgurantane; \q2 haati teessanille yakkaa teessaniif lakkifante. \q1 \v 2 Ani yennaa dhufe maaf \q2 nama tokkolle achii dhabe? \q1 Yennaa waamelle maaf nama owwaatu dhabe? \q1 Harki kiyya gabaabbatee isin wodiisa dadhabee? \q1 Yookiin hunna ittiin isin fayyisu dhabee? \q2 Ani xixicha kiyyaan abbaayaa hin gossa; \q2 lagoota goomolee hin godha; \q2 qurxummiin achi keessaa bisaan dhaddee \q2 dhumattee, hin ajootti. \q1 \v 3 Ani gubbaa dukkaneessee, \q2 akka woyaa gaddaa hin gurraachessa» jedhe. \s1 Ajajamiisa Tajaajilaa Mootii Waan Maraa \q1 \v 4 Ani worra dadhaba'atti dubbadhee \q2 akka isaan jajjabeessuuf, \q2 Goottaan Mootiin Waan Maraa \q2 dandeettii barsiisiisaa naa kenneera. \q1 Inni ganama ganama na dammassa, \q2 akka nama baratiisatti jiruu \q2 akka dhage'u gurra kiyya naaf hin bana. \q1 \v 5 Goottaan Mootiin Waan Maraa gurra kiyya baneera; \q2 ani ajajamuu didadhee, \q2 isa irraa gara duubaa hin deebine. \q1 \v 6 Ani dudda kiyya worra na dikutti, \q2 boqoo tiyyalle worra areeda kiyya \q2 buqqisu dura qabe; \q2 fuula kiyya worra natti murguu fi natti tufu hin dhoffanne. \q1 \v 7 Goottaan Mootiin Waan Maraa \q2 waan na qarqaaruuf ani hin qaanowu. \q1 Tanaaf, ani fuula kiyya akka dhakaa qara qabuu hin godha; \q2 ani akka hin qaanonnelle hin beeka. \q1 \v 8 Akka ani yakkaa hin qanne ka mudhisu, na bira jira; \q2 eentu na himatuu dande'a ree? \q1 Yoo jiraate \q2 wolitti dhikaannee woli himannuu ti! \q2 Ka na himatu dhikaatuu ti. \q1 \v 9 Ka na qarqaaru Goottaan Mootii Waan Maraa ti; \q2 ka natti muru eennu ree? \q1 Isaan marti akka woya'aa hin dullooman; \q2 qu'een isaan hin nyaatti. \b \q1 \v 10 Isin keessaa ka Mootii Waan Maraa sodaatuu fi \q2 jecha tajaajilaa isaatiif ka ajajamu eennu? \q2 Ka ifa hin qanne, \q2 ka dukkana keessa deddeebi'u \q2 Mootii Waan Maraatitti addatuu ti; \q2 Waaqa ifiille'etti irkatuu ti. \q1 \v 11 Amma ammoo, isin worri ibidda gabbittanuu fi \q2 worri xassaa qassittanu marti, \q2 ifa ibidda gabbittaneetii \q2 fi ifa xassaa qassiittane san keessa deema'a. \q1 Isin farra keessa hin buutan; \q2 tun ta isin harka kiyya keessaa fudhattanu. \c 51 \s1 Fayyinna Yerusaalemii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Isin worri balchummaa hordottanu, \q2 worri ana Mootii Waan Maraa barbaaddanu na caqasa'a. \q1 Rassaa irraa dhaggantane, \q2 boolla bisaanii ta keessaa ol baatanelle ilaala'a. \q1 \v 2 Gara abbaa keessan Abrahaamii, \q2 gara Saaraa isin deetteelle ilaala'a. \q1 Ani yennaa isa waame inni uumaa hin qabu; \q2 ani ammoo isa eebbisee isa baceesse. \q1 \v 3 Ani Mootiin Waan Maraa Xiyoon hin jajjabeessa; \q2 waan isii duraa diigame maraaf hin marara. \q1 Goomolee isi'ii akka fichaa Edenii \q2 lafa isi'ii godduu akka oorruu tiyyaa hin godha. \q2 Ililleetti'ii fi gammad isii keessatti hin dhaggama; \q2 qoonqoo galataatii fi faaru'uu achi keessatti hin dhage'anti. \b \q1 \v 4 «Ee kolbaa tiyya na caqasa'a; \q2 waan jedhulle dhage'a'a. \q1 Seerri na biraa hin baya; \q2 muraan tiyyalle gosa biyya adda addaatiif ifa hin teeti. \q1 \v 5 Balchummaan tiyya ariiti'iin dhikaatiisatti jirti; \q2 fayyisiisi kiyyalle dhaqqabiisatti jira; \q2 irreen tiyya gosa biyya adda addaatiif haqa hin fiddi. \q1 Worri oddoola keessaa gara kiyya hin ilaalan; \q2 irree tiyyalle addi'iin hin eegatan. \q1 \v 6 Ol jedha'aatii gara ol-gubba'aa, \q2 gad jedha'aatii lafa ilaala'a; \q2 ol-gubbbaan akka aaraa hin baddi; \q2 lattille akka woya'aa hin dulloonti; \q2 worri isii irra le'u akka tiitichaa hin dhumatan. \q1 Fayyisiisi kiyya ammoo, haga bara baraa ti; \q2 balchummaan tiyyalle ijjumaa dhuma hin qaddu. \b \q1 \v 7 «Isin worri balchummaa beettanu, \q2 isin kolbaan seera kiyya \q2 gadhaa keessan keessaa qaddanu na dhage'a'a. \q1 Murgoo namootaa hin sodaatina'a; \q2 yookiin yennaa isaan isin arrassanu hin rifatina'a. \q1 \v 8 Qu'een akka woya'aa isaan hin nyaatti; \q2 corroxxi akka rifeensa hoole'ee isaan hin nyaatti. \q1 Balchummaan tiyya ammoo haga bara baraa ti; \q2 fayyisiis kiyyalle \q2 dhaloota irraa dhalootatti hin dabara» jedha. \b \q1 \v 9 Ee irree Mootii Waan Maraa, ka'i, ka'i! \q2 Hunna teeti mudhisi! \q1 Akka bara durii, \q2 akkuma dhaloota durii durii keessaa ka'i! \q1 Jawwee guddittii abbaayaa keessaa, \q2 ta, «Rahaab» jedhanu san kukkuttee, \q2 ka woraante si'ii motii ree? \q1 \v 10 Worri ati wodatte akka gamatti bu'uuf, \q2 ka abbaaya'aa fi bisaan qilee guddo'oo gosse, \q2 ka qilee abbaaya'aa keessatti karaa baase si'ii motii ree? \q1 \v 11 Worri Mootiin Waan Maraa wode hin deebi'an; \q2 isaan faarfataa gara Xiyoonii hin seenan; \q2 gammada bara baraa \q2 akka kallachaa mataa ifiititti hin keyatan. \q2 Gammadaan hin burraaqan; \q2 gaddii fi bowiisi isaan irraa hin fagaata. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa isaaniin, \q2 «Ka isin jajjabeessu ana; anuma qofa. \q2 Namoota du'anu, \q2 ilmaan namootaa ta akka marraa goddu, \q2 maaf sodaattan ree? \q1 \v 13 Ana Mootii Waan Maraa ka isin dade, \q2 ka ol-gubbaa diriirsee \q2 hundee lafaa hundeesse deetanee, \q2 maaf guyyaa mara aarii worra isin cunqursuu, \q2 ka isin balleessiisaaf barbaaduu sodaattan ree? \q1 Aariin worra isin cunqursuu meet ree? \q1 \v 14 Worri hidhameeru ariiti'iin hin bayan; \q2 isaan hin du'anu; \q2 gara qile'eelle gad hin bu'anu; \q2 sagalee nyaatanulle hin dhabanu. \b \q1 \v 15 «Danbaliin akkuma bulphittu abbaayaa ka raasu, \q2 ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; \q2 maqaan kiyya Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade. \q1 \v 16 Ani ol-gubbaa diriirsee, hundee lafaalle hundeesse; \q2 ani Xiyooniin, ‹Ati kolbaa tiyya; \q2 jecha kiyya afaan keeti keessa hin keya; \q2 gaaddisa harka kiyyaatille'een si hin golla› hin jedha» jedhe. \s1 Muduunuu Mufii Waaqaa \q1 \v 17 Ee Yerusaalem, muduunuu mufii Mootii Waan Maraa \q2 harka isaa irraa ta unte, \q2 muduunuu mufi'ii ta gatantarsitu, cumaan isi'iille adoo hin hafin ta xuuxatte, \q2 dammaqi, dammaqi ka'iitii dhaabbadhu. \q1 \v 18 Ilmaan ati deette mara keessaa, \q2 ka si sooressu tokkolle hin jiru; \q2 worra ati gudditte mara keessalle'ee \q2 ka harka qabee si sooressu hin jiru. \b \q1 \v 19 Badiin badii irratti sitti dhutteerti; \q2 eentu si jajjabeessa ree? \q1 Tunille diigamiisa, badiisa, \q2 beelaa fi woraana. \q2 Eentu si woliin gadda ree? \q1 \v 20 Mufi'ii fi xixichi Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii \q2 waan isin dhaqqabeef, \q2 ilmaan teessan akka buddannee tiyyo'oon qabantee, \q2 woldeennaa kara'aa mara irratti gaggaddee irkatteerti. \b \q1 \v 21 Tanaaf isin daadhii woyni'iitiin adoo hin te'in, \q2 rakkinnaan ka machoottane tana dhage'a'a. \q1 \v 22 Mootiin Waan Maraa keessan ka Waan Mara Dande'u, \q2 Waaqi kolbaa ifiitiif falmu isiniin, \q2 «Kunoo, muduunuu isin gatantarsitu, \q2 harka keessan irraa fuudheera; \q2 deebitaneelle muduunuu mufi'ii tiyya irraa, \q2 ijjumaa akka isin hin unne hin godha. \q1 \v 23 Muduunuu rakkinnaa san \q2 harka worra si farrisiisuu, ka si'iin, \q2 ‹Gad gombifam, nuuti si irra ideenna› jedhutti hin kenna. \q2 Atille akka isaan irra ideemanuuf \q2 dudda keeti akka lafaatii fi kara'aa gooteef» jedha. \c 52 \s1 Waaqi Yerusaalem Hin fayyisa \q1 \v 1 Ee Xiyoon, dammaqi! Dammaqi! \q1 Hunna uffadhu! \q1 Ee Yerusaalem, qachaa woyyicha, \q2 woyaa teeti ta ulfinnaa uffadhu! \q1 Haganaa achi worri haqanqabaa hin qabatinii fi \q2 worri battowe gara keeti hin seenu. \q1 \v 2 Ee kolbaa Xiyoonii ta booji'antane, \q2 wodaroo sibiilaa \q2 ta ittiin hidhantane \q2 morma keessan irraa hiikadha'a! \q1 Ee Yerusaalem, \q2 Bukuu ifi irraa hargufadhuutii, \q2 ka'ii, barcumaa mootumma'aa irra tee'i! \p \v 3 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Isin gatii malee gurgurantaneertaniiyyu; beesee malee hin wodantan» jedha. \p \v 4 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan tiyya qara biyya Gibxi'ii keessa le'iisaaf, gad dhaxxe; achiin duuba worri Asoorii, sababa malee isaan cunqurse. \v 5 Kolbaan tiyya sababa malee waan fudhatanteef, ani asii maan qaba ree? Worri isaan bulchu isaanitti murga; guyyaa mara maqaa kiyya faanshessan. \v 6 Tanaaf yennaa san kolbaan tiyya maqaa kiyya hin beetti; ‹Kunoo, ani asi jira› jedhee, ka dubbate ana akka te'e hin beetti» jedha. \b \q1 \v 7 Miilli ergamaa gaara irra dhaabbatee \q2 oduu gammadaa fidu, \q2 ka nageya lassuu, \q2 ka waan dansaa fidu, \q2 ka fayyinna lallabu, \q2 ka Xiyooniin, «Waaqi keeti mootii te'a» jedhu, \q2 attam attam tola! \q1 \v 8 Caqasi! Mootiin Waan Maraa gara Xiyoonii yennaa deebi'u, \q2 eeddoti teeti ila ifiitiin hin dhaggiti; \q2 qoonqoo ifii ol qabattee tokkumma'aan hin ilillitti. \b \q1 \v 9 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii jajjabeessee, \q2 Yerusaalem waan wodeef, \q2 ee bututa Yerusaalemii \q2 tokkumma'aan ilillisaa faarsa'a. \q1 \v 10 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa mara duratti \q2 irree ifii woyyittii hin mudhisa. \q1 Worri qaccee biyya lafaa jiranu duudiin \q2 fayyisiisa Waaqa keennaa hin dhaggan. \q1 \v 11 Isin worri meya Mootii Waan Maraa ba'attanu, \q2 adda baya'a; adda baya'aa; \q2 achi keessaa baya'a; \q2 waan battii hin tuqina'a; \q2 achi keessaa baya'aatii, \q2 ifi qulqulleessa'a. \q1 \v 12 Te'uu malee, ariiti'iin hin baatanu \q2 yookiin baqattanee hin deentanu; \q2 Mootiin Waan Maraa isiniin dura hin deema; \q2 Waaqi Israa'elii duuballe'een isin hin eega. \s1 Tajaajilaa Rakkatu \p \v 13 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, tajaajilaan kiyya qarumma'aan huja; \q2 inni hin saadama; \q2 ol ol hin qabama; \q2 hin jajama. \q1 \v 14 Te'uu malee akki tajaajilaa kiyyaa \q2 nama irraa adda te'ee, \q2 waan gara dhabeef, \q2 namooti hedduun baaseffatane. \q1 \v 15 Maarre inni gosa biyya adda addaa hedduu hin baaseffachiisa; \q2 sababa isaatiif moototi afaan hin qabatti; \q2 waan dur itti hin himamin hin dhaggiti; \q2 waan hin dhage'in hin hubatti» jedhe. \c 53 \p \v 1 Kolbaan deebitee, \q1 «Waan nuuti dhageenne eentu dhugeeffate? \q2 Irreen Mootii Waan Maraa eennnutti mudhatte? \q1 \v 2 Inni Mootii Waan Maraa duratti akka kichuu quunxituu, \q2 akka hidda lafa godduu keessaa bawuu hin lata; \q2 inni dansummaa yookiin arnya nutti tolu hin qabu; \q2 akka isa jaalannuufille akka hin qabu. \q1 \v 3 Inni nama namooti jibbanee tuffatane; \q2 inni nama dhibee guddo'oo fi rakkoo guddoo qabu. \q1 Inni akka nama nami fuula irraa deebifatee ti; \q2 inni nama tuffatame; \q2 nuutille ulfinna isaaf hin kennine. \b \q1 \v 4 «Inni dhugumaan dhukkuba keenna fudhatee, \q2 dhibee teennalle ba'ate. \q1 Te'uu malee, nuuti akka Waaqi isa dhowee, \q2 akka Waaqi balaa isatti buusee, \q2 akka Waaqi isa farrisiisetti laakkonne. \q1 \v 5 Inni ammoo, sababa cubbuu teennaatiif woraaname; \q2 sababa yakkaa teennaatiifille butute. \q1 Nuuti adabamiisa isaatiin nageya dhagganne; \q2 madaa isaatille'een nuuti fayyine. \q1 \v 6 Nuuti marti akka hoole'ee karaa irraa bannee, \q2 tokko tokkoon keennaayyuu \q2 karaa karaa keennatti gorre; \q1 Mootiin Waan Maraa ammoo, \q2 yakkaa teenna mara isa irra keye. \b \q1 \v 7 «Inni cunqurfamee, farre; \q2 te'uu malee, waan tokkolle hin dubbanne; \q2 akka ilmayyoo hoole'ee ka qalmaaf oofamuutii fi \q2 akkuma hooleen worra rifeensa isi'ii haadu duratti cadhittu, \q2 inni cadhise malee, womaa hin dubbanne. \q1 \v 8 Cunqursiisaan isatti muranee, \q2 fuudhanee deemane. \q2 Inni lafa worra jiraata'aa \q2 keessaa balleeffamee, \q2 sababa yakkaa kolbaa \q2 ifiitiifille akka adabame \q2 hidda dhaloota isaa keessaa \q2 ka hubate eennu ree? \q1 \v 9 Inni hammeenna tokkolle \q2 adoo hin hujin, \q2 dharalle adoo hin dubbatin, \q2 worra hamoolee woliin du'ee, \q2 addee dureeyyiin \q2 awwaalantutti awwaalame» jette. \b \q1 \v 10 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Te'uu malee, bututiisii fi \q2 farriis isaa fedha kiyya; \q2 ani jiruu isaa kennansa \q2 sababa yakka'aatiif \q2 dhikaatu godhulle, \q2 barri isaa dheeratee \q2 inni sanyii ifii hin dhagga; \q2 fedhiin tiyyalle \q2 karaa isaatiin hin muummotti. \q1 \v 11 Inni farriisa ifiitiin duuba, \q2 ifa jiru'uu dhaggee hin gammada. \q1 Tajaajilaan kiyya balchichi, \q2 beekkumsa ifiitiin \q2 worra bacaa hin balchoonsa; \q2 yakkaa isaaniille hin ba'ata. \q1 \v 12 Inni cubbuu namoota heddu'uu ba'atee, \q2 marroo yakkaa isaaniitiifille \q2 isaaniif kadhate; \q2 inni lubbuu ifii du'aaf \q2 dabarsee kennee, \q2 hamaaleyyii woliin \q2 waan laakkowameef, \q2 ani qooda isaa worra gugurdaa woliin \q2 isaaf hin kenna; \q2 inni worra jajjabaa woliin \q2 boojuu hin qoodama» jedha. \c 54 \s1 Ulfinna Xiyoonii Ka Gara Duraa \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Ijoollee dubartii abbaa \q2 manaa qadduu caalaa, \q2 ijoolleen dubartii qofi lakkifantee \q2 waan heddatteef, \q2 ati maseentittiin \q2 ijjumaa deettee hin beenne, \q2 ta ijjumaa ciniinsifattee hin beenne \q2 gammadaan faarfadhuu, ilillisi! \q1 \v 2 Addee dunkaanii teetii badhisi; \q2 gollaa dunkaanii teetii \q2 badhiisii diriirsi; \q2 hin dhiphisin. \q1 Wodaroo teeti dheeressi; \q2 togaa keeti jabeessi. \q1 \v 3 Ati gara middaa fi bita'aa \q2 waan badhattuuf, \q2 sanyiin teeti gosa biyya \q2 adda addaa hin qabatti; \q2 qachoota isaanii \q2 ka one keessalle hin qubatti. \b \q1 \v 4 «Ati waan hin qaanonneef, \q2 hin sodaatin; \q2 waan hin salphanneef, \q2 hin rifatin. \q1 Fokkoo yennaa dargaggummaa \q2 teetii hin deeta; \q2 qaanii yennaa \q2 haadha hiyyeessummaa teetiille \q2 haganaa achi hin qaabattu. \q1 \v 5 Ani ka si dade \q2 akka dhirsaa si'iif hin te'a; \q2 maqaan kiyya Mootii Waan Maraa \q2 Ka Waaqa Waan Mara Dade; \q2 ka si wode \q2 ana Woyyicha Israa'elii ti; \q2 ani Waaqa lafa duudi'ii ti. \b \q1 \v 6 «Ati akka dubartii \q2 dargaggumma'aan heerumtee, \q2 abbaan manaa isii lakkisee, \q2 gadhaa ifii keessatti gadditee ti» jedha. \q1 Mootiin Waan Maraa keeti ammoo, \q2 gara ifii si waamee, \q1 \v 7 «Ani yennaa diqqo'oof \q2 si lakkiseeraayyu; \q2 amma ammoo, \q2 marartii guddo'oon \q2 si deebisa. \q1 \v 8 Ani guddoo waan sitti aareef, \q2 yennaa diqqo'oof \q2 fuula kiyya \q2 si duraa dhoffadheeraayyu; \q2 ammoo, jaalala kiyya \q2 ka bara baraatiin \q2 si hin marara» jedha ka si wodu. \b \q1 \v 9 Ammalle Mootiin Waan Maraa \q2 ka si mararu si'iin, \q2 «Tun naaf akka bara Nohii \q2 deebi'ee bisaaniin \q2 lafa akka hin balleessine kakadhee ti; \q2 maarre ani amma deebi'ee \q2 akka sitti hin aarre, \q2 deebi'eelle ijjumaa \q2 akka si hin xindheef kakadheera. \q1 \v 10 Gaaroti raafamanulle, \q2 kooboti addee ifii irraa ka'anulle \q2 jaalalli bara baraa \q2 ka ani si'iif qabu, \q2 ijjumaa hin raafantu; \q2 gondooroon nageyaa tiyyalle hin diigantu. \p \v 11 «Ee, ati qachaa Yerusaalemii, \q2 ka rakkatte, \q2 ka bubbee bokkeyaatiin raafante; \q2 ka hin jajjabaatin. \q1 Kunoo, ani dhakaa gatii guddo'ootiin \q2 si hin ijaara; \q2 dhakaa ‹Safiiros› jedhamuun \q2 hundee teetille hin keya. \q1 \v 12 Ani qaccee xelleephoo teetii \q2 dooqa diima'aan, \q2 karra teetiille dooqa cululuquun, \q2 dalleya dhaka'aa keetille \q2 dhakaa gatii guddo'ootiin hin ijaara. \q1 \v 13 Ilmaan teeti marti \q2 ana Mootii Waan Maraa irraa \q2 ka baratte hin teeti; \q2 ijoolleen teetille \q2 nageya guddaa hin dhaggatti. \q1 \v 14 Ati balchumma'aan \q2 hin ijaaranta; \q2 cunqurfamiisi si irraa hin fagaata; \q2 wonni si sodaachisu hin jiraatu; \q2 bararaqi si irraa hin fagaata; \q2 si'ille'etti hin dhikaatu. \q1 \v 15 Eennulle yoo si miidhe, \q2 inni ka ani ergee moti; \q2 nami si miidhu marti \q2 harka sitti hin kennata. \b \q1 \v 16 «Kunoo, nama cile'etti buufee bobeessu, \q2 sibiila tumee, \q2 meya woraanaa ka qopheessu, \q2 ka dade ana. \q1 Ka woy balleessu, \q2 akka inni woy balleessuuf, \q2 ka dade ana. \q1 \v 17 Mey woraanaa \q2 ka si balleessiisaaf qophowe, \q2 si miidhuu hin dande'u; \q2 worra si himatu mara \q2 hin injifatta. \q1 Kun qooda tajaajiltoota tiyyaa ti; \q2 injifachaan ani isaaniif kennulle tana» jedha. \c 55 \s1 Waaqi Worra Dheebote Waame \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Isin worri dheebottane marti, \q2 gara bisaanii kowa'a! \q1 Isin worri beesee hin qanne, \q2 kowa'aatii, bitadha'aa nyaadha'a! \q2 Kowa'aatii, beesee malee, gatii malee, \q2 daadhii woyni'iitii fi aanan bitadha'a! \q1 \v 2 Waan sagalee hin te'initti \q2 maaf beesee teessan baattan? \q1 Waan isin hin quussinetti maaf eloottan? \q2 Na caqasa'a, waan dansaa nyaadha'a; \q2 sagalee dansa'atti gammada'a. \q1 \v 3 Gara kiyya kowa'a! \q2 Gurra keessan gara kiyya deebifadha'a; \q2 akka jiraattanuuf na dhage'a'a! \q1 Jaalala kiyya ka bara baraa ka Daawitiif waadaa galeen, \q2 gondooroo bara baraa isin woliin hin godha. \q1 \v 4 Kunoo, ani Daawiti \q2 kolbaa heddu'uuf dhugaa-bayaa, \q2 sooressaa fi ajajaa kolbaa heddu'uu godheera. \q1 \v 5 Kunoo, ani Mootiin Maan Maraa \q2 Waaqi keeti Woyyichi Israa'elii \q2 ulfinna waan sii kenneef, \q2 ati gosa biyya adda addaa ta hin beenne hin waanta; \q2 gosi biyya adda addaa ta si hin beennelle \q2 ariiti'iin gara keeti hin dhufan» jedha. \b \q1 \v 6 Yennaa Mootiin Waan Maraa dhaggamu barbaadadha'a; \q2 adoo dhikoo jiruulle isa waammadha'a. \q1 \v 7 Nami hamaan karaa ifii, \q2 nami yakkaamessi yaada ifii lakkisee, \q2 gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa deebi'uu ti; \q2 inni isaaf hin marara; \q2 araarri isaalle baca'a. \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Yaadi kiyya akka yaada keessanii, \q2 karaan kiyyalle akka karaa keessaniitii moti. \q1 \v 9 Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu, \q2 karaan kiyya karaa keessan irraa, \q2 yaadi kiyyalle yaada keessan irraa ol hin fagaata. \b \q1 \v 10 «Bokkeennii fi dhakaan bokkeyaa \q2 ol-gubbaa irraa gad roobee, \q2 lafa jiisiisaan, \q2 latti quunxitee, midhaan akka baachu \q2 ka facaasuuf sanyii, \q2 ka nyaatuuf sagalee, \q2 akka kennitu godhu malee, \q2 gara ol-gubba'aa akkuma hin deebine, \q2 \v 11 jechi afaan kiyya keessaa bawu, \q2 waan ani fedhe hujee, \q2 waan ani itti ergelle \q2 muummessu malee, \q2 akkasumaan gara kiyya hin deebi'u. \b \q1 \v 12 «Isin gammadaan Baabilon keessaa baatanee, \q2 nageyaan hin geegefantan. \q1 Gaarotii fi kooboti isin duratti gammadaa hin faarsan; \q2 muki badda'aa marti harka hin dhowan. \q1 \v 13 Addee muka qore'ee muki hindheensaa, \q2 addee qumi'uudu'uu muki dakkaraa hin lata. \q1 Tunille Mootii Waan Maraatiif qaabbii, \q2 beessisa haga bara baraa hin banne hin teeti» jedha. \c 56 \s1 Waaqi Gosa Biyya Adda Addaa Gara Fayyinnaa Waame \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Fayyisiis kiyya waan dhikaateeruuf, balchummaan tiyyalle ariiti'iin waan mudhattuuf, haqa eega'a; waan sirrii te'elle huja'a. \v 2 Nami tana godhu, ka tana jabeessee eegatu, ka Sanbata hin batteessine, waan hantuu mara hujiisa irraa ka harka ifii eegatu ka eebbifame» jedha. \p \v 3 Nami ormi gara Mootii Waan Maraa deebi'e, «Mootiin Waan Maraa dhugumaan kolbaa ifii irraa gargar na hin baasa» jedhee hin yaadin. \p Guneessille, «Ani muka goga'a» ifiin hin jedhin. \v 4 Mootiin Waan Maraa, «Guneessota Sanbata kiyya ulfeessanu, ka waan na gammachiisu filatanuu fi gondooroo tiyya jabeessanee ka eegatanuuf, \v 5 ani Galma Woyyicha kiyya keessaa fi dalleya kiyya keessatti, ijoollee dhiiraatii fi durraa caalaa, yaadanno'oo fi maqaa ittiin beekkamanu isaaniif hin kenna; \q2 maqaa haga bara baraa hin bannelle isaaniif hin kenna. \p \v 6 «Worra orma ana Mootii Waan Maraa tajaajiluuf, ka maqaa kiyya jaalatuuf, ka ana waaqonfatuuf, ka natti dhikaatee, Sanbata kiyya adoo hin batteessin, gondooroo tiyya eegatanu mara, \v 7 ani gara gaara woyyicha kiyyaa ol isaan hin baasa; mana daadimataa kiyya keessalle'etti isaan hin gammachiisa. Manni kiyya, mana daadimataa ka gosa biyya adda addaa maraa waan jedhamuuf, kennansa isaanii ka gubatuu fi ciincaa isaanii ka dhibii addee ciinca'aa tiyya irratti yoo isaan dhikeessane ani hin fudhadha» jedha. \p \v 8 Goottaan Mootii Waan Maraa ka kolbaa Israa'elii ta bittinnootte wolitti qabu, «Ani worra amma wolitti qabameeru kana irratti ka dhibii dabalee wolitti hin qaba» jedha. \s1 Cubbuu Sooressitoota Israa'elii \p \v 9 Mootiin Waan Maraa, «Isin worri akka bineensotaa marti, isin worri akka bineensota gongoma'aa marti, nyaatiisaaf kowa'a. \v 10 Eeddoti Israa'elii balla'a; isaan martinuu beekkumsa hin qabanu; isaan martinuu akka sareelee dutuu hin dandeennee ti; isaan dutuu hin dande'anu; irkatanee oojjatan; hirriiba jaalatan. \v 11 Isaan gadhitoo akka saree nyaattee hin quunnee ti; isaan tissitoota woy hin hubanne; isaan martinuu karaa ifii deeman; tokko tokkoon isaaniituu bu'aa ifii barbaadatan. \v 12 Isaan, ‹Kowa'a daadhii woyni'ii unna; untoo nama macheessitulle unnee machoonna. Borulle akkuma adhaa hin teeti; yookiin ta adhaa caala'aayyuu hin tolti› woliin jedhan. \c 57 \s1 Israa'el Waaqa Dharaa Waaqonfatte \p \v 1 «Nami balchaan hin du'a; nami Waaqaaf ifi kennu, wonni hantuun akka isa irra hin geenneef fudhatama; tana nami hubatu hin jiru. \v 2 Worri qajeelumma'aan ideemu nageya hin qabaatan; yennaa du'anulle hin foorfatan. \p \v 3 «Isin ilmaan worra moruu, sanyiin gaarayyeeffattu'uutii fi sagaagaltu'uu as kowa'a. \v 4 Isin eennutti murgitan? Eennutti afaan bantan? Eennutti arraba baattan? Isin ilmaan finqiltu'uutii fi sanyii dharaameyyi'iitii motii? \v 5 Isin muka qilxa'aatii fi muka banqaaqaa mara jalatti, halchaa sagaagalaatiin gubattan. Isin dhooqa keessatti, baqaqa rassa'aa keessatti ijoollee teessan ciincessitanii motii ree? \v 6 Isin dhakoota mucucaataa ka odduu dhooqaa waaqonfattan; isaan qooda keessan. Isin dhibaayyuu daadhii woyni'ii isaaniif dhibaattanee, kennansa midhaanii isaaniif kennitan. Ani tana hin mararaa ree? \v 7 Isin gaara dheeraa irratti sagaagaltan; achitti waaqota dharaa keessaniif ciincaa dhikeessitan. \v 8 Balbalaa fi mikikkila balbala teessanii duubaan, fakkii waaqota dharaa keessan keyattaneertan. Isin na lakkittanee, taqee teessan irraa saaxxanee, irra yaaddaneelle badhittanee saaxxane. Nafa isaanii qullaa dhaggitanee wol gaarayyeeffatiisaaf worra jaalatu woliin, wolii galtane. \v 9 Isin Zayitii ejersaa qabattanee, fiqireelle itti dabaltanee, gara Moleekii waaqa dharaa dhaxxane; isin ergantoota teessan fagoo gara addee worri du'e jiru gad ergitane. \v 10 Deemmaa kara'aatiin dadhaddane; te'uu malee, ‹Tun bu'aa hin qaddu› hin jenne. Hunna haareya dhaggattane; tanaaf hin dadhaddane. \p \v 11 «Akka isin na soddanuuf, ka isin sodaachisee yaachise eennu fa'a? Wonni isin na hin qaabatiniif, wonni isin tana hin qalbeeffatiniif, wonni isin na hin sodaatiniif, waan ani yennaa dheertuu cadhiseefii motii? \v 12 Ani balchummaa teessanii fi hujii teessan hin salqa; waaqoti dharaa keessan womaa isiniif hin bayanu. \v 13 Yennaa isin qarqaarsaaf iyyattanu, waaqoti dharaa hedduun isin wolitti qabattane sun, isin baasanuu tii me. Isaan mara qilleensi fuudhee hin deema; diilalluulle\f + \fr 57:13 \fr*\fk Diilalluu: \fk*\fqa Lafa tokko tokkotti diidalluu jedhan \fqa*\f* isaan hin balleessiti. Nami natti addatu ammoo, lafa hin dhaala; gaara woyyicha kiyya qabeenna ifii hin godhata» jedhe. \s1 Waaqi Kolbaa Qarqaariisaaf, Fayyisiisaafille Waadaa Gale \p \v 14 Mootiin Waan Maraa, «Karaa baasa'a, karaa baasa'a! Daandii qopheessa'a; daandii kolbaa tiyyaa keessaa gufuu kaasa'a! \p \v 15 «Ani Waaqa ol aanaa waan mara caalu, woyyicha haga bara baraa le'u. Ani worra ifi gad qabu yaada isaanii haaressiisaaf, worra addii kutatane jajjabeessiisaaf, addee ol aantuu woyyittii isaan woliin hin le'a. \v 16 Ayyaanni kolbaa ani dadeetii fi hafuurri ani isaan keessa keye na duratti akka hin gagganne, ani haga bara baraa isaan hin komadhu; yennaa maralle hin aaru. \v 17 Ani sababa joljolummaa cubbuu isaaniitiif isaanitti aare; ani isaan adabee, aari'iin fuula kiyya isaan irraa deebifadhe. Te'uu malee isaan karuma ifii san deemane. \p \v 18 «Ani karaa isaanii dhaggeera; te'uu malee isaan hin fayyisa; ani isaan sooressa; Isaanii fi marroo isaaniitiif worra bowu hin jajjabeessa. \v 19 Worri Israa'elii ka bowu afaan ifiitiin akka na leellifatu hin godha; nageenni worra fago'oo fi dhikoo jiruuf te'uu ti. Ani isaan hin fayyisa. \v 20 Worri hamaan ammoo, akka abbaayaa bulphittuu, ta foora hin qanne, ta danbaliin isi'ii caffa'aa fi dhoqqee qadduu ti» jedha. \v 21 Waaqi kiyya, «Worri hamaan nageya hin qabu» jedha. \c 58 \s1 Laama Dhuga'aa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Qoonqoo adoo hin qusatin, guddisii iyyi! Qoonqoo teeti akka tultulla'aa dhageessis! Kolbaa tiyyatti finqila isaanii, sanyii Yaaqoobiititti cubbuu isaanii himi! \v 2 Isaan guyyaa mara na barbaadan; karaa kiyya beekiisaa waan fedhanu fakkaatan; akka kolbaa waan sirrii te'e hujjuutii fi akka kolbaa ajaja Waaqa ifii hin lakkisinii, muraa haqaa na gaafatan; ana Waaqatti dhikaatiisalle waan fedhanu fakkaatan» jedha. \p \v 3 Isaan, «Eega ati gara laama keennaa hin ilaalle teetee, nuuti maaf laanne ree? Gad ifi qabiisa keenna eega ati hin ilaalin, nuuti maaf ifi gad qanne ree?» jedhan. \p Mootiin Waan Maraa isaaniin, «Kunoo, guyyaa laamaatitti isin waanuma fedhii teessanii gootan; hojjattoota teessan maraayyuu hin cunqursitan. \p \v 4 «Kunoo, laam keessan lolaa fi moroma'aan, tuntummuu hammeennaatiin wol tumiisaan muummowa; akka amma laamiisatti jirtanu kana laamaa, daadimati keessan ol-gubba'atti waan isiniif dhage'amu isinitti hin fakkaatin. \v 5 Laam ani filadhe ka akkasii kanaa ree? Nami ka ifi gad qabu, guyyaa akkanaa qofaa ree? Akka allaadu'uu qooree mataa ifii gad qabatiisaa ree? Yookiin woyaa gaddaa uffatee daadhaa irra gangalatiisaa ree? Laam isin jettanu isa kanaa ree? Guyyaan ana Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qabu guyyaa akkanaatii ree? \p \v 6 «Laam ani filadhe worra haqa malee hidhame akka hiittanu, wodaroo waanjo'oo akka hiittanu, worra cunqurfame bilisa akka baattanuu fi waanjoo mara akka caccassittanuu motii ree? \v 7 Sagalee teessan worra beelowe woliin akka qoodantanu, hiyyeessa olii fi gad joonjuuf addee bulu akka kennitanu, nama qullaa jiru yennaa dhaggitane akka daara baattanu, aantee teessanitti fuula akka itti hin hammaannee motii ree? \v 8 Yoo tana gootane ifi keessan akka ganamaa hin ifa; fayyinni keessanille ariifatee hin dhufa; balchummaan teessan isiniin dura hin deenti; ulfinni kiyyalle isin duubaan isin hin eega. \v 9 Yennaa isin daadimattanu, ani deebii isiniif hin kenna; yennaa isin qarqaarsaaf gara kiyya iyyitanu, anille isin jalaa hin owwaadha. \p «Isin nama cunqursiisa, quba namatti qabiisaa fi hantuu dubbatiisa yoo lakkittane, \v 10 ka beeloteef sagalee yoo kennitane, ka rakkatelle yoo qarqaartane, ifi keessan dukkana keessatti hin ifa; dukkanti dimmi teessanille akka ifa saafowaa hin teeti. \v 11 Ani Mootiin Waan Maraa yennaa mara isin hin sooressa; lafa godduu keessalle'etti isin hin quussa; lafee teessan hin jabeessa. Isinille akka oorruu bisaan obaafamuu, akka madda bisaan isaa hin dhidhannee hin teetan. \v 12 Kolbaan teessan waan dur diigame deebittee hin ijaarti; hundee durii ol kaasan. Isin, ‹Worra dalleya dhaka'aa ka caccabe deebisee haaressu, worra karaa bade miidhassu› hin jedhantan. \v 13 Isin seera Waaqaa ka marroo guyyaa Sanbataa yoo eegattane, guyyaa woyyicha kiyya kanatti, waan fedhii teessanii yoo godhuu dhaddane, guyyaa Sanbataa guyyaa gammadaa, guyyaa kiyya woyyicha guyyaa ulfinnaa yoo godhattane, guyyaa san haajaa keessaniif ideemiisa, waan fedhii teessanii godhiisa yookiin waan dubbatiisaaf hin malle yoo lakkittane, \v 14 isin yennaa san ana Mootii Waan Maraatti hin gammadan; ani lafa mara irratti akka isin ulfaattanu, dhaala abbaa keessan Yaaqoobiille akka isin nyaattanu hin godha; ani Mootiin waan Maraa tana dubbadheera» jedha. \c 59 \s1 Cubbuu, Cubbuu Irraa Deebi'iisaa Fi Wodamiisa \p \v 1 Kunoo, harki Mootii Waan Maraa fayyisiisaaf hin gabaabbanne; gurri isaalle dhage'iisa hin dadhanne. \v 2 Yakkaan teessan ammoo Waaqa keessan irraa gargar isin baatteerti; akka inni isiniif hin dhageenne, cubbuun teessan akka inni fuula ifii isin irraa deebifatu gooteerti. \v 3 Harki keessan dhiigaan, qubi keessanille yakka'aan battoweera. Afaan keessan dhara dubbata; arrabi keessanille waan hantuu dubbata. \p \v 4 Nami haqaan ideemuu fi nami haajaa ifii dhuga'aan dhikeeffatu tokkolle hin jiru. Moromaa bu'aa hin qannetti addatanee, dhara dubbatan. Miidhaa gadha'atti qabatanee, hammeenna fidan. \v 5 Isaan quuphaa buuti'iititti kabban; mana saaphuphu'uu ijaaran; nami quuphaa san nyaatu marti hin du'a; quuphaa cabu san keessaa ilmee buuti'iititti baya. \v 6 Manni saaphuphu'uu sun woyaa dhowiisaaf hin te'u; waan dhowatanu san uffatiisa hin dande'anu; hujiin isaanii hujii hammeennaa ti; harki isaanii hujii hammeennaatiin guutameera. \v 7 Miilli isaanii waan hantuu hujiisaaf ori'a; isaan dhiiga nama yakkaa hin qanneelle dhangalaasiisaaf ariifatan; yaadi isaanii yaada hama'a; gara deemanu maratti hujiin isaanii hujii diigiisaatii fi balleessiisaa ti. \v 8 Isaan karaa nageyaa hin beekanu; daandii isaanii keessalle haqi hin jiru; isaan karaa ifii daddassaneeran; nami karaa san irra deemulle nageya hin dhaggatu. \s1 Kolbaan Cubbuu Ifii Faaci'atte \p \v 9 Tanaaf kolbaan, «Haqi nu irraa fagaate; balchummaalle nu bira hin geettu. Nuuti ifa barbaanna; ammoo marti dukkana; nuuti ifaa guddaa barbaanna; ammoo dukkana dimma keessa ideemiisatti jirra. \v 10 Akka nama balla'aa dalleya qaqqabataa, akka nama ila hin qannee karaa barbaadanna; akka waan dimimmisaa guyya'aan gufanna; odduu worra jajjabaatitti, akka worra du'ee teene. \v 11 Nuuti marti akka doobba'aa hin gururaana; akka saphaliisaa aadiisaan wiiccifannee boonna. Haqa barbaanna; ammoo hin dhaggannu; fayyinna barbaanna; ammoo nu irraa fago'o. \p \v 12 «Balleessaan teenna fuula keeti duratti baca'a; cubbuun teennalle nu irratti dhugaa baati. Balleessaa teenna beenneerra; yakkaa teennalle hubanneerra. \v 13 Nuuti Mootii Waan Maraa irraa finqillee isa sonneerra; Waaqa keenna hordofiisa irraa deebineerra; nama cunqursiisaa fi hunnaan nama irratti ka'iisa yaadanna; dhara gadhaa keenna keessatti yaadanne dubbanna. \v 14 Tanaaf haqi duubatti deebi'ee, balchummaan fagaatteerti; Dhugaan karaa irratti gufattee, addatamummaan qachaa seenuu hin dandeenne. \v 15 Dhugaan dhabante; nami waan hantuu irraa gorulle hin saamama» jetti. Mootiin Waan Maraa haqi akka hin jirre dhaggee, gadde. \v 16 Inni worra cunqurfame ka qarqaaru nami tokkolle akka hin jirre dhaggee baaseffate; maarre inni irree ifiitiin fayyinna fide; balchumuma isaatitti isa qarqaare. \v 17 Inni balchummaa akka qomoo sibiilaa uffata; fayyinna akka gullee sibiilaa keyata; inni haluu akka woya'aa, hinaaffaalle akka bullukko'oo uffate. \v 18 Inni akkuma hujii isaaniititti worra isa mormu irratti mufii ifii hin fida; diinota ifiitii fi kolbaa oddoola keessa leetulle'eef gatii hujii isaanii hin kenna. \v 19 Mootiin Waan Maraa akka bisaan abbaaya'aa ka bubbe'een darbamuu, waan dhufuuf, worri gara aduun seentu jiru maqaa Mootii Waan Maraa hin sodaatan; worri gara aduun baatu jirulle ulfinna isaa hin sodaatan. \p \v 20 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Ka wodu, gara Xiyoonii, gara worra sanyii Yaaqoobii keessaa cubbuu ifii irraa deebi'anee hin dhufa» jedha. \v 21 Mootiin Waan Maraa, «Gondooroon ani isin woliin godhadhu: ayyaanni kiyya ka ani isiniif kennuu fi jechi kiyya ka ani afaan keessan keessa keyu, afaan keessan keessaa, afaan ijoollee teessanii keessaa, afaan ijoollee ijoollee teessanii keessaalle'ee adhaa jalqabee haga bara baraa hin dhabamu» jedha. \c 60 \s1 Ulfinna Yerusaalemii Ka Gara Duraa \q1 \v 1 Ee Yerusaalem, ifi keeti waan dhufeef, ka'ii issi! \q2 Ulfinni Mootii Waan Maraalle si irratti ifeera. \q1 \v 2 Kunoo, dukkanti lafa hin golliti; \q2 dukkanti dimmille kolbaa hin dhossiti. \q1 Si'iif ammoo ifi Mootii Waan Maraa hin ifa; \q2 ulfinni isaalle si irratti hin mudhata. \q1 \v 3 Gosi biyya adda addaa gara ifa keetii, \q2 moototille gara ifa keeti ka ganamaa hin dhufan. \b \q1 \v 4 Ol jedhiitii adaala keeti ilaal: \q1 Isaan marti wolitti qabamanee \q2 gara keeti hin dhufan. \q1 Ilmaan teeti fagoo irraa hin dhufan; \q2 ijoolleen durraa teetille worri isaan guddisu \q2 isaan habbaarrateeruun gara keeti dhufan. \q1 \v 5 Ati yennaa isaan dhaggite, fuulli keeti hin ifa; \q2 gadhaan keetille gammadaan hin firinxiixa. \q1 Qabeenni abbaayaa irra qaxxaamuree dhufu, \q2 karri gosa biyya adda addaalle teeti hin teeti. \b \q1 \v 6 Gaaloti bindillaan, \q2 gaaloti orgeen biyya Miidiyaaniitii fi Eefa'aa irraa dhufanee \q2 lafa teeti hin guutan. \q1 Namooti biyya Sheeba'aatii dhufanu marti \q2 worqi'ii fi hixaana fidanee hin dhufan; \q1 Isaan galata Mootii Waan Maraa hin lallaban. \q1 \v 7 Hooleen worra Qedaarii marti \q2 gara keeti wolitti hin qabaman; \q2 korbeeyyii hoole'ee ta worra Nabaayotiille \q2 ciinca'aaf itti hin fayyadanta. \q1 Isaan marti addee ciinca'aa irratti fudhatama hin dhaggatan. \q2 Mootiin Waan Maraa Galma ifii ka ulfinnaa irra caalaa \q2 akka ulfinna dhaggatu hin godha. \b \q1 \v 8 Worri akka duumensaatii fi \q2 akka saphaliisa gara mandhee ifii koolaan ka'uu, \q2 fiigu kun eennu fa'a? \p \v 9 Dhugumaan ilmaan teeti worri oddoola keessaa addi'iin Mootii Waan Maraa hin eegatan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Woyyichi Israa'elii ulfinna waan sii kenneef, ulfinna isaatiif jedhanee, ilmaan teeti fagoo irraa, meeti'ii fi worqii isaanii woliin fidiisaaf hobolooti gugurdoon Tarshiishii hin dursiti. \b \q1 \v 10 Mootiin Waan Maraa Yerusaalemiin, \q2 «Worri ormaa dalleya keeti ka dhaka'aa deebisanee hin ijaaran; \q2 moototi isaaniille si hin tajaajilan; \q2 ani aaree si adabeeraayyu; \q2 amma ammoo jaala kiyyaan si hin marara. \q1 \v 11 Gosi biyya adda addaa \q2 karra ifii gara keeti akka fidanuuf, \q2 moototi isaaniille tarre'een akka ol seenanu, \q2 seensumi karra teetii yennaa mara banamee tee'a; \q2 halkanii fi guyyaalle hin cufamu. \q1 \v 12 Kolba'aa fi mootummooti si hin tajaajille hin badan; \q2 isaan ijjumaa hin badan. \b \q1 \v 13 «Addee Galma kiyyaa ittiin seesiisaaf, \q2 muka gugurdaa Libaanonii hindheensa, muka shuwaashuwwe'eetii fi sookkee gara keeti hin fidan; \q2 ani addee miilli kiyya ijjatu tana hin ulfeessa. \q1 \v 14 Ilmaan worra si cunqursee, \q2 sagadaa gara keeti hin dhufan. \q1 Worri dur si tuffate marti \q2 miila keetitti hin jigan. \q1 Isaan, ‹Qachaa Israa'elii woyyicha ka teete, \q2 qachaa Mootii Waan Maraa Xiyoon› jedhanee si hin waaman. \b \q1 \v 15 «Ati ta lakkifante, ta jibbatante, \q2 ta nami tokkolle si keessa hin dabarre teetulle, \q2 ani haga bara baraa ta ittiin kooranu si hin godha; \q2 dhaloota maraafille addee gammadaa si hin godha. \q1 \v 16 Akkuma ijoolleen harma haadha ifii hootu, \q2 atille qabeenna gosa biyya adda addaatii fi moototaa, \q2 hin hoota. \q1 Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa, \q2 hunnaamessi Yaaqoobii, \q2 ka si fayyisuu fi ka si wodu \q2 akka te'e hin beetta. \b \q1 \v 17 «Ani addee sageettu'uu worqii, \q2 addee sibiilaa meetii, \q2 addee mukaa sageettuu, \q2 addee dhaka'aa sibiila si'iif hin fida. \q1 Ani nageya mootii keeti, \q2 balchummaalle bulchaa keeti hin godha. \q1 \v 18 Haganaa achi biyya teeti keessatti, \q2 hunnaan nama irratti ka'iis, \q2 meessaa keetitti diigamiisi yookiin badiisi hin jiraatu. \q1 Ati ammoo dalleya dhaka'aa ka qachaa keetii, ‹Fayyinna›, \q2 seensuma karra teetiille, ‹Leellisa› jettee hin waanta. \b \q1 \v 19 «Ani Mootiin Waan Maraa ifa bara baraa, \q2 Waaqi keeti ulfinna waan sii te'uuf, \q2 haganaa achi guyyaa aduun, \q2 halkan jiin \q2 ifa si'iif hin te'u. \q1 \v 20 Aduun teeti deebitee hin seentu; \q2 jiin keetille ifiisa hin lakkisu. \q1 Ani Mootiin Waan Maraa ifa bara baraa \q2 si'iif hin te'a \q2 barri gadda keetiille hin dhumata. \q1 \v 21 Achiin duuba kolbaan teeti marti balchoolee hin te'an; \q2 isaan lafa san haga bara baraa hin dhaalan. \q1 Isaan ulfinna kiyya mudhisiisaaf biqiltuu ani harka kiyyaan dhaabe. \q1 \v 22 Maatiin diqqoon kuma hin teeti; \q2 ta mara caala diqqo'oo kolbaa jadduu hin teeti. \q1 Ani Mootii Waan Maraa ti; \q2 yennaa isi'iititti tana mara \q2 ariifadhee hin muummessa» jedha. \c 61 \s1 Oduu Gammadaa Ta Fayyinnaa \q1 \v 1 Ayyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira; \q2 akka ani oduu gammadaa \q2 worra cunqurfameef lallabu, \q2 na muudeera. \q1 Worra gadhaan isaanii madaye \q2 akka ani fayyisuuf, \q2 worra booji'ame akka ani bilisa baasuuf, \q2 worra hidhame akka ani hiikuuf, \q2 Mootiin Waan Maraa na ergeera. \q1 \v 2 Woggaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qadduu fi \q2 guyyaa Waaqi keenna haluu bawu, \q2 akka ani lassuuf, \q2 worra bowu mara \q2 akka ani jajjabeessuuf, \q2 Mootiin Waan Maraa na ergeera. \q1 \v 3 Worri Xiyoon keessatti gaddiisatti jiru, \q2 mata'atti addee daadhaa firfirfatanu \q2 marata dansaa akka ani itti maru \q2 addee bowanu, \q2 zayitii gammadaa akka ani itti dhangalaasu, \q2 addee ayyaana gaddaa, \q2 woyaa leellisaa akka ani itti uffisuuf, \q2 na ergeera. \q1 Isaan, «Qilxaa balchumma'aa, \q2 ka Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii mudhisiisaaf dhaabe» jedhamanee hin waamaman. \q1 \v 4 Isaan diigama durii deebisanee hin ijaaran; \q2 waan dur baddelle adde'etti hin deebisan. \q1 Qachoota dhaloota heddu'uun dura diigamee bade \q2 deebisanee hin haaressan. \b \q1 \v 5 Alagaan hoolee teessan isiniif hin tissa; \q2 fichaa keessan isiniif hin qota; \q2 oorruu muka woyni'ii teessan keessa isiniif hin huja. \q1 \v 6 Isin ammoo, «Hayyoota Mootii Waan Maraa, tajaajiltoota Waaqa keennaa» jedhantanee hin waammatan. \q1 Isin qabeenna gosa biyya adda addaa hin nyaattan; \q2 durummaa isaaniitiin hin koortan. \q1 \v 7 Kolbaan tiyya addee qaani'ii qooda harka lama hin fudhatti; \q2 addee salphinnaa dhaala ifiititti hin gammaddi; \q2 qooda lafa ifii harka lama hin fudhatti; \q2 haga bara baraalle hin gammaddi. \b \q1 \v 8 Ani Mootii Waan Maraa haqa waan jaaladhuuf, \q2 saamichaa fi yakkaa jibba. \q1 Ani addatamummaa tiyyaan \q2 kolbaa tiyyaaf gatii hujii isaanii hin keenna; \q2 isaan wolille'een gondooroo bara baraa hin godha. \q1 \v 9 Sanyiin isaanii gosa biyya adda addaa keessatti, \q2 ijoolleen isaaniille kolbaa oddu'utti hin beekkanti; \q2 nami isaan dhaggu marti \q2 isaan kolbaa Mootiin Waan Maraa eebbise \q2 akka te'ane hin beeka. \b \q1 \v 10 Ani Mootii Waan Maraatiin guddoo gammada; \q2 lubbuun tiyyalle Waaqa kiyyaan firinxiixxi. \q1 Akkuma waajibichi akka hayyu'uu marata mata'atti maratu, \q2 akkuma waajibittiin dooqaan ifi seefattu, \q2 inni woyaa fayyinnaa \q2 natti uffiseera; \q2 bullukkoo balchumma'aalle itti dabalee natti uffiseera. \q1 \v 11 Akkuma latti biqiltuu biqilchitu, \q2 akkuma oorruun sanyii itti facaafante lachisiittu, \q2 Goottaan Mootiin Waan Maraa, \q2 balchumma'aa fi leellisi \q2 gosa biyya adda addaa duratti \q2 akka lattu hin godha. \c 62 \s1 Xiyoon Maqaa Haareya Dhaggatte \q1 \v 1 Balchummaan isi'ii akka aduu ganamaa, \q2 fayyinni isi'iille akka xassaa bobe'uu haga issutti, \q2 ani marroo Xiyoonii hin cadhisu; \q2 marroo Yerusaalemii hin sarmu. \q1 \v 2 Gosi biyya adda addaa balchummaa teeti, \q2 moototi marti ulfinna keeti hin dhaggan; \q2 maqaa haareya Mootiin Waan Maraa sii kennuun \q2 hin waamanta. \q1 \v 3 Ati harka Mootii Waan Maraatitti \q2 akka kallacha ulfinnaa, \q2 harka Waaqa keetiititti \q2 akka kallacha mooti'ii hin teeta. \q1 \v 4 Ati haganaa achi, \q2 «Ta lakkifante» hin jedhantu, \q2 yookiin «Lafa duwwaa» hin jedhantu; \q1 Mootiin Waan Maraa waan sitti gammaduuf, \q2 latti teetille abbaa manaa waan qabaattuuf, \q2 ati ammoo, «Gammadi kiyya isi'iin» jedhantee hin waamanta; \q2 latti teetille, «Dubartii abbaa manaa qaddu» jedhantee hin waamanti. \q1 \v 5 Akkuma dargaggeessi durra fuudhu, \q2 ilmaan teeti si hin fuuti. \q1 Akkuma waajibichi waajibittii ifiititti gammadu, \q2 Waaqi keetille si'itti hin gammada. \q1 \v 6 Ee Yerusaalem, \q2 ani dalleya dhaka'aa keetii irra, \q2 eeddota keyeera; \q2 isaan halkanii fi guyyaa ijjumaa hin cadhisanu. \q1 Isin worri Mootii Waan Maraa waammatanu hin foorfatina'a. \q1 \v 7 Haga Mootiin Waan Maraa qachaa Yerusaalemii \q2 deebisee ijaarutti, \q2 kolbaan marti haga isii leellittutti \q2 foora isaaf hin kennina'a. \b \q1 \v 8 Mootiin Waan Maraa harka ifii middicha, \q2 irree ifii jaddu'uun kakatee, \q2 «Ani deebi'ee diinni keeti midhaan keeti akka nyaatu, \q2 daadhii woynii teeti ta ati itti elootte, \q2 ormi akka unu hin godhu. \q1 \v 9 Isin worri midhaan galfattanu ammoo, \q2 midhaan san nyaattanee Mootii Waan Maraa hin leellifattan; \q2 isin worri midhaan woyni'ii guurattanu, \q2 badhinna Galma kiyyaa keessatti \q2 daadhii woyni'ii hin untan» jedhe. \b \q1 \v 10 Kolbaa Yerusaalemii, karaa karra qacha'aatiin dabara'a; \q2 kolba'aafille karaa qopheessa'a! \q1 Karaa guddaa baasa'a; dhakaa karaa keessaa kaasa'a; \q2 gosa biyya adda addaatiif baandiraa ol kaasa'a. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Kolbaa Xiyooniitiin, ‹Kunoo, fayyisaan keessan dhufaara; \q2 gatiin inni isinii kennu, \q2 wonni inni isiniif kaffalu harka isaa jirti› jedha'aan» \q2 jedhee, haga qaccee biyya lafaatitti lasseera. \q1 \v 12 Isaan, «Kolbaa Woyyittii, \q2 ta Mootiin Waan Maraa wode» jedhamane hin waamaman. \q1 Yerusaalemille, \q2 «Qachaa barbaadamu, \q2 ka hin lakkifanne» \q2 jedhantee hin waamanti. \c 63 \s1 Guyyaa Waaqi Itti Haluu Bayuu Fi Wodu \p \v 1 Ka woyaa diintuu uffatee, biyya Edoomii, qachaa Bozraa irraa dhufiisatti jiru kun eennu? Ka woyaa dansaa uffatee, hunna ifii guddo'oon as dhufiisatti jiru kun eennu? \p Inni, «Ani, Mootii Waan Maraa ka balchumma'aan dubbatu, ka fayyisiisaaf hunna qabu» jedha. \p \v 2 Nami tokko, «Woyaan teeti akka woyaa worra woynii cunfuu, \q2 maaf diimatte ree?» jedhee gaafata. \p \v 3 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani qofii tiyya woynii cunfeera; gosa biyya adda addaa keessaa nami tokkolle na woliin hin jiruuyyu. Ani aarii tiyyaan isaan irra sirbee, mufii tiyyaan isaan butuche; dhiigi isaanii woyaa tiyyatti faffaca'ee, woyaa tiyya halle. \v 4 Ani guyyaa haluu itti bayu murteesseera; barri ani kolbaa tiyya wodulle dhikaateera. \v 5 Ani adaala kiyya ilaale; nama na qarqaaru tokkolle dhabe. Nama qarqaaru waan dhabeef maadeffadhe. Maarre, irreen tiyya fayyinna naa fiddee, mufiin tiyya na qarqaarte. \b \q1 \v 6 «Ani aarii tiyyaan gosa biyya adda addaa irra sirbe; \q2 mufii tiyyalle'een isaan macheessee, \q2 dhiiga isaanii lafatti dhangalaase» jedhee hin deebisa. \s1 Leellisaa Fi Daadimata \q1 \v 7 Ani jaalala bara baraa ka Mootii Waan Maraa, \q2 waan nuuf godhe maraaf, \q2 hujii inni ittiin leellifamu, \q2 akka marartii ifiitii fi jaalala ifii ka bara baraatitti, \q2 Waan guddoo dansaa inni Israa'eliif godhe hima. \p \v 8 Inni isaaniin, «Isaan dhugumaan kolbaa tiyya; ilmaan na hin sonne» jedheera; tanaaf inni fayyisaa isaanii te'e. \v 9 Yennaa isaan rakkatanu mara innille rakkate; ergamaan isaa ka isa bira jiru isaan baase. Inni jaalala ifiitii fi marartii ifiitiin isaan wode; inni bara duriitii jalqabee yennaa mara ol fuudhee isaan ba'ate. \v 10 Isaan ammoo finqilanee, ayyaana woyyicha isaa gaddisiisane. Tanaaf, inni garagalee diina isaanii te'ee, ifumaaf isaan lole. \p \v 11 Achiin duuba kolbaan bara durii, bara Muuse'eetii fi Israa'eloota isa woliin jirtu qaabattee, «Ka sooressitoota woliin kolbaa ifii abbaayaa keessa akka gamatti bu'anu godhe, ka ayyaana woyyicha ifii isaan keessa keye meet? \v 12 Irree ifii ta ulfinna qadduun ka midda Muuse'ee dhaabbate, ka ulfinna maqaa ifii bara baraan akka beekkamu godhiisaaf, isaan duratti bisaan gargar kute eennu? \v 13 Akka farda lafa duwwaa keessa ideemuu, qilee bisaanii keessa adoo hin gufatin akka isaan gamatti bu'anu ka godhe eennu? \v 14 Akka loon dirre'etti gad bu'anee foorfatanuu, ayyaanni Mootii Waan Maraa akka isaan foorfachiisu ka godhe eennu?» jetti. Ulfinni maqaa keetii akka beekkamuuf ati kolbaa teeti akka kanaan sooressite. \s1 Daadimata Mararti'ii Fi Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate \p \v 15 Ee Mootii Waan Maraa, barcumaa mootumma'aa keeti woyyicha, ka ulfinna qabuu fi ol aanaa irraa ol-gubba'aa gad nu ilaali! Hinaaffa'aa fi hunni teeti meet ree? Gadhi-laafumma'aa fi marartiin teeti nu irraa fagaatteerti. \v 16 Ee Mootii Waan Maraa, ati abbaa keenna; Abrahaam nu beekuu dhabulle yookiin Israa'el nu qaabbii dhaddulle, ati ammoo abbaa keenna. Maqaan keeti duruuyyuu wodoo teenna. \v 17 Ee Mootii Waan Maraa, maaf akka nuuti karaa keeti irraa gorru nu goota? Akka nuuti si hin sodaaneefille, maaf gadhaa keenna jabeessita? Tajaajiltoota teetii fi gosa dhaala keeti te'aneef jedhiitii deebi'i. \p \v 18 Kolbaan teeti woyyittiin yennaa diqqo'oof, addee woyyittii teeti dhaalte; amma ammoo, diinoti keenna addee woyyittii teeti irra sirbane. \v 19 Nuuti akka worra ati dur ijjumaa bulchitee hin beennee, akka worra maqaa keetiin waamamee hin beennee teeneerra. \c 64 \p \v 1 Akka gaaroti si sodaatanee raafamanu, ol-gubbaa tarsaattee adoo gad buutee, maaloo! \v 2 Akkuma nami haasume'een ibidda bobeessee, ibiddi sun bisaan danfisu, gosi biyya adda addaa si duratti akka hollattu, gad bu'iitii diinota keetitti maqaa keeti beessisi. \v 3 Waan nuuti hin yaadatin, waan sodaachisu yennaa goote, ati gad buutee gaaroti si duratti hollatane. \v 4 Worra isa addi'iin eegatuuf ka maadee huju, Waaqi akka keetii ka dhibiin tokkolle hin jiru; durii jalqabee dhage'amee, dhaggameelle hin beekkamu. \v 5 Ati worra hujii sirri'ii gammadaan hujuu fi worra karaa keeti qaabatu qarqaarta. Nuuti cubbuu ittuma waan hunyeef, ati nu irratti mufatte. Maarre nuuti attam fayyuu dandeenna ree? \v 6 Nuuti marti cubbu'uun xuroonneera; hujiin teenna balchittiille akka hoccuu xuri'ii teeteerti. Cubbuun teenna akka baala qooree qilleensi haxowee deemuu, nu mara haxoottee ideenteerti. \v 7 Ati fuula keeti nu irraa deebifattee, cubbuu teennatti dabarsitee waan nu kenniteef, nami maqaa keeti waammatu tokkolle hin jiru; nami gara keeti deebi'iisaaf wodhaanulle hin jiru. \p \v 8 Te'uu malee, ee Mootii Waan Maraa, ati abbaa keenna; nuuti faara; ati faara irraa nu hujje. Nuuti marti hujii harka keetii ti. \v 9 Nuuti marti kolbaa teeti waan teeneef, ee Mootii Waan Maraa! Maganne'e, gara keenna ilaali; akka malee nutti hin aarin; haga bara baraa cubbuu teenna nutti hin laakkowin. \v 10 Qachooti woyyichi keeti akka goomole'ee duwwaa te'eera; Xiyooninuu duwwaa teeteerti; Yerusaalem duwwaa teeteerti. \v 11 Galmi woyyichi keenna ka ulfinna qabu, addeen abbootiin teenna ta durii itti si leellifatte, ibiddaan gubame; wonni nu gammachiisu marti diigame. \v 12 Ee Mootii Waan Maraa, tun marti yennaa nu irra dhaqqaddu, ati nu hin qarqaartuu ree? Ati cadhittee akka malee nu hin adaddaa ree? \c 65 \s1 Mura'aa Fi Fayyisiisa Waaqaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Ani worra na hin daadimatinitti ifi mudhise; worra na hin barbaadinitti mudhadhe. Kolbaa maqaa kiyya hin waammanneen, ‹Ani as jira; ani as jira› jedhe. \v 2 Ani guyyaa guutuu harka kiyya gara kolbaa finqiltu'uu, ta karaa dansaa hin te'in ideentuu, ta yaada hamaa ifii hordottuu badhise. \v 3 Kolbaan tun fuula kiyya duratti, oorruu keessatti ciincaa dhikeessiisaan, faara loobame irratti hixaana aarsiisaan, yennaa mara na aarsiti. \v 4 Isaan awwaala odduu tee'an; halkanille addee dhokatte bulan; foon booyye'ee nyaatan; shorbaan foon batti'i okkotee isaanii keessa guuteera. \v 5 Isaan, ‹Nuuti woyyoota waan teeneef, nu irraa fagaadha'a; nutti hin dhikaatina'a!› worra jedhu. Kolbaan akkasii akka ibidda guyyaa guutuu bobe'uu, aariin tiyya akka bobeettu gooti. \p \v 6 «Kunoo, yakkaan isaanii na duratti barreeffanteerti; ani guutumatti gatii isaanii hin kennaaf malee, hin cadhisu; akkuma hujii isaaniititti mataa isaanitti hin deebisa. \v 7 Isaan gaarota irratti hixaana waan aarsaneef, koobota irralle'etti waan na faanshessaneef, yakkaa isaaniitii fi yakkaa abbootii isaanii, akkuma hujii isaanii ta durii sanitti mataa isaaniititti hin deebisa» jedha. \p \v 8 Mootiin Waan Maraa ammalle, «Akkuma namooti unkuruurri woyni'ii damee muka woyni'ii irra adoo jiruu, ‹Eebbi isa keessa waan jiruuf, hin balleessina'a› jedhanu, anille tajaajiltoota kiyyaaf jedhee, akkasuma godha malee, isaan mara hin balleessu. \v 9 Yaaqoobiif ijoollee hin kenna; Yihudaalle gaarota kiyya akka dhaalu hin godha; kolbaan tiyya ta ani filadhe addee san hin dhaalti; tajaajiltooti tiyyalle achi keessa hin leeti. \v 10 Kolbaa tiyya ta na barbaadduuf, Shaaron addee hoolee itti tiffatanu, dhooqi Aakorille addee horiin ciisu hin teeti. \p \v 11 «Isin worra ana Mootii Waan Maraa lakkittanee, gaara woyyicha kiyya deetanee, waaqa dharaa ka, ‹Milkii› jedhamuuf, qorii qopheessitanee, worra waaqa dharaa ka, ‹Hixaa› jedhantuufille, daadhii woyni'ii ta makante muduunu'utti guuttaneefii, \v 12 yennaa ani isin waame, waan hin owwaatiniif, yennaa ani dubbadhelle waan hin caqasiniif, na duratti waan hantuu hujjanee, waan na hin gammachiinne waan gootaneef, ani shallaaga'atti dabarsee isin hin kenna; isin marti qalamiisaaf gad hin jettan» jedha. \v 13 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Tajaajiltooti tiyya hin nyaatti; isin ammoo hin beelottan; tajaajiltooti tiyya hin unti; isin ammoo hin dheebottan; tajaajiltooti tiyya hin gammaddi; isin ammoo hin qaanottan. \v 14 Tajaajiltooti tiyya gadhaa ifii keessatti gammaddee hin faarfatti; isin ammoo gadhaa keessan keessatti waan gadditanuu fi addii waan kutatanuuf, wiiccifatanee hin boottan. \v 15 Worri ani filadhe maqaa keessan jecha abaarsaa akka godhanu hin godha. Tanaaf ani Goottaan Mootiin Waan Maraa isin hin fixa; tajaajiltoota tiyya ammoo maqaa haareyaan hin waama. \v 16 Rakkinni durii dedhamee ila tiyya duraa waan dhokateef, nami lafa san keessatti eebbisu, maqaa ana Waaqa dhuga'aatiin hin eebbifama; nami lafa san keessatti kakatu, maqaa ana Waaqa dhuga'aatiin hin kakata» jedha. \s1 Ol-gubboota Haareya Fi Lafa Haareya \p \v 17 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani ol-gubboota haareyaa fi lafa haareya hin dada; wonni dur te'e hin qaabatantu yookiin hin yaadatantu. \v 18 Kunoo, ani Yerusaalem qachaa gammadaa, kolbaa isi'iille worra gammadu waan godhuuf, isin waan ani dadutti haga bara baraa gammada'aatii, ilillisa'a. \v 19 Ani Yerusaalemii fi kolbaa tiyyatti hin gammada; haganaa achi qoonqoon bowaatii fi iyyaa achi isii keessatti hin dhage'antu. \v 20 Achi keessa finni yennaa diqqoo qofa le'u yookiin jaarsi dulloomee bara ifii adoo hin muummeffatin du'u hin jiraatu. Nami woggaa dhibba le'ee du'uuyyuu, akka waan dargaggumma'aan du'eetitti, nami woggaa dhibba adoo hin geyin du'ulle akka nama abaarameetitti laakkowama. \v 21 Isaan mana ijaarratanee keessa hin le'an; muka woyni'iille dhaabbatanee, midhaan isi'ii hin nyaatan. \v 22 Haganaa achi mana isaan ijaarratanu keessa nami dhibiin hin le'u yookiin waan isaan dhaabbatanu\f + \fr 65:22 \fr*\fk Dhaabbatanu: \fk*\fqa Lafa tokko tokkotti dhaabatanu jedhan. \fqa*\f* nami dhibiin hin nyaatu. Kolbaan tiyya akka mukaa bara dheeraa hin leeti. Worri ani filadhelle waan harka ifiitiin hujanetti bara dheeraa hin gammadan. \v 23 Isaan elo'otti hin hafanu; ijoolleen isaaniille dedhuma du'iisaaf hin dhalattu; isaanii fi sanyiin isaanii kolbaa ani Mootiin Waan Maraa eebbise hin te'an. \v 24 Adoo isaan na hin waammatin, ani isaaniif hin owwaadha; adoo isaan dubbatiisatti jiranuu, ani isaaniif hin dhage'a. \v 25 Yayyi'ii fi ilmooleen hoole'ee woliin hin dheedan; neenqille akka sanga'aa hicaacee hin nyaata; dhudhuufaan ammoo bukuu hin nyaata. Isaan gaara woyyicha kiyya irratti woy hin miidhanu yookiin woy hin balleessanu» jedha. \c 66 \s1 Goottaan Gosa Biyya Adda Addaa Mara Irratti Hin Mura \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Ol-gubbaan teessoo tiyya; lattille ijjata miila kiyyaa ti. Isin eessatti mana naaf ijaartan? Addeen foora kiyyaalle eessa? \v 2 Tana mara harka kiyyattuu huje; wonni martinuu tiyya. Ani gara worra gad ifi qabuu, gara worra mataa hin jabaanneetii fi gara worra jecha kiyya sodaatuu hin ilaala. \p \v 3 «Nami korma qalee ciincaa naaf dhikeessu, akka nama, nama ijjeesuu ti; nami hoolee qalee ciincaa naaf dhikeessu, akka nama morma sare'ee cassuu ti; nami kennansa midhaanii naaf dhikeessu, akka nama dhiiga booyye'ee naaf dhikeessuu ti; nami hixaana yaadanno'oo naaf aarsu, akka nama waaqa dharaa waaqonsuu ti. Worri akkasii karaa ifii filatee, battummaa ifiititti gammada. \v 4 Ani yennaa isaan waame, waan na jalaa hin owwaatiniif, yennaa isaanitti dubbadhe, waan hin dhage'iniif, isaan na duratti waan hantuu hujanee, waan na hin gammachiinne waan godhaneef, anille rakkinni akka isaanitti dhufu godhee, waan isaan bararaqanu isaanitti hin fida» jedha. \p \v 5 Isin worri jecha Mootii Waan Maraa sodaattanu, jecha Mootii Waan Maraa kana dhage'a'a. Mootiin Waan Maraa, «Isin obboleeyyan teessan ta isin jibbite, sababa maqaa kiyyaatiif ta isin gatte, isiniin ‹Mootiin Waan Maraa ulfaatuu tii, me! Gammada keessanille dhagginuu tii, me!› ta jette, hin qaanotti. \v 6 Hogaa qachaa keessaa, qoonqoo Galma Waaqaa keessalle dhage'a'a! Qoonqoon tunille qoonqoo Mootiin Waan Maraa diinota ifiitiif gatii kenniisatti jiruu ti. \p \v 7 «Dubartiin adoo hin ciniinsifatin hin deetti. Ciniinsuun adoo isii hin jalqabin ilma hin deetti. \v 8 Nami waan akkasii dhage'ee beekuu fi dhaggee beeku jiraa? Biyyi takka guyyaa tokkotti hin dadantii? Yookiin kolbaan yennaa diqqoo keessatti hin dhaggantii? Xiyoon akkuma ciniinsifatteen ijoollee ifii deetti. \v 9 Ani dubartii deyiisa geette akka hin deenne hin godhaa? Yennaa dubartiin deettu, ani ka gadaamessa cufuu?» jedha. \q1 \v 10 Isin worri Yerusaalem jaalattanu marti \q2 isii woliin gammada'aatii firinxiixa'a. \q1 Isin worri isi'iif boottane marti \q2 isii woliin guddoo gammada'a. \q1 \v 11 Harma isi'ii ka jajjabeessu haga quuttanutti hin hootan; \q2 karra isi'ii baca'aan hin gammaddan. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa, «Ani nageya Yerusaalemiif akka lagaa hin dhangalaasa; karra gosa biyya adda addaalle akka madda bisaanii gara isi'ii hin lolaasa; isiin habbaarattee isin hin hoosifatti; gudeeda ifii irralle'etti isin hin tassiifatti. \v 13 Akkuma haati ijoollee ifii jajjabeessitu, anille isin hin jajjabeessa; isinille Yerusaalem keessatti hin jajjabaattan. \v 14 Isin tana yennaa dhaggitanu gadhaan keessan hin gammada; lafeen teessanille akka marraa hin bisilti; irreen tiyya tajaajiltoota tiyya woliin akka jirtu hin beekkanti; mufiin tiyya ammoo diinota kiyya irratti hin mudhatti» jedha. \p \v 15 Kunoo, Mootiin Waan Maraa ibiddaan dhufiisatti jira; garreettoti fardaan harkifamu ka isaalle akka hobonbolatti'ii ti; inni aarii ifii mufi'iin, xixxaa ifii bobe'a ibiddaatiin hin mudhisa. \v 16 Mootiin Waan Maraa ibiddaa fi shallaagaa ifiitiin nama maratti waan muruuf, nama hedduu hin fixa. \p \v 17 Mootiin Waan Maraa, «Worri addee oorru'uutitti waaqota ifii keessaa tokko waaqonfatiisaaf dhaqee, ka ifi woyyoonsee ifi qulqulleessu, foon booyye'eetii fi foon hantuutaa, waan battiille worri nyaatu adduma tokko hin badan. \v 18 Ani hujii isaaniitii fi yaada isaanii waan beekuuf, dhufee gosa biyya adda addaa ta afaan adda addaa dubbattu mara wolitti hin qaba; isaanille dhufanee ulfinna kiyya hin dhaggan. \v 19 Ani odduu isaaniititti baandiraa hin dhaaba; isaan keessaa worra jiru'uun hafe gara gosa biyya adda addaa: gara kolbaa Tarshiishii, gara kolbaa Fuxii, gara kolbaa Ludii ta guube'een loltuu, gara kolbaa Tubaaliitii fi Yaawaanii, gara kolbaa oddoola fago'oo ka worra gurra kiyya hin dhage'inii yookiin ulfinna kiyya hin dhagginii hin erga; isaan gosa biyya adda addaa oddu'utti ulfinna kiyya hin lassan. \v 20 Isaan obboleeyyan ifii ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessiisaaf, gosa biyya adda addaa mara keessaa fardo'oon, garreettaa fardo'oon harkifamuun, garreetta'aan, gaange'ee fi gaalaan gara gaara kiyya woyyicha Yerusaalem keessaa hin fidan; akkuma Israa'elooti kennansa midhaanii meya qulqullu'uun gara Galma kiyya Woyyichaa dhikeessanu, isaanille obboleeyyan ifii tana hin dhikeessan. \v 21 Anille isaan keessaa garii hayyootaa fi Lewwoota akka te'anuuf hin filadha. \p \v 22 «Akkuma ol-gubbooti haarettii fi latti haaretti ta ani dadu na dura haga baraa jiraatanu, sanyiin teessanii fi maqaan keessan fuula kiyya dura yennaa mara hin jiraata. \v 23 Baatii ji'a tokkoo irraa haga baatii ji'a kaanii, Sanbata tokko irra haga Sanbata kaanii, nami marti na waaqonfatiisaaf hin dhufa. \v 24 Achiin duuba gad bayanee reeffa kolbaa na finqiltee hin dhaggan. Corroxxi isaan nyaattu hin duutu; ibiddi isaan gubulle hin dhaamu; isaan nama mara duratti hin diqataman» jedhe.