\id HOS - Guji Bible \ide UTF-8 \h Hose'aa Raagichaa \toc1 Kitaaba Hose'aa Raagichaa \toc2 Hose'aa Raagichaa \toc3 Hos. \mt1 Kitaaba Hose'aa Raagichaa \imt Seensa \ip Hose'aan raagichi dhaloota Kiristoosiitiin dura, woggaa dhibba torbaa fi diddamii tokkoo keessa, jinnana Semaariya'aatiin dura bara rakkinnaa keessa, raagicha Amosiin duuba, mootummaa Israa'elii ta kaabaa keessatti lallabe. Inni keessattuu marroo waaqa dharaa waaqonfatiisa kolba'aatii fi marroo addatama dhabiisa isaaniititti xiyyeeffate. Hose'aan addatama dhabiisa kolba'aa kana, fuudha ifii ka dubartittii addatama hin qanneen miidhassee mudhisa. Akkuma niitiin isaa Gomer isaaf hin addatanne, kolbaan Waaqaalle Mootii Waan Maraatiif hin addatanne. Waan kanaaf, muraan Israa'el irratti dhufu'uu jirti; te'uu malee, muummee irratti jaalalli Waaqaa ka bara baraa, ka inni kolbaa ifiitiif qabu hin injifata; inni kolbaa ifii gara ifii deebifatee, tokkummaa adde'etti hin deebisa. Jaalalli kun jecha, «Israa'el, ani attam si gatuu dande'a? Ani attam dabarsee si kennuu dande'a? Gadhaan kiyya tana mara akka ani godhu hin eeyyamu. Jaalalli ani si'iif qabu akka malee jaba'a» jedhuun himameera. (11:8) \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Fuudhaa Fi Maatii Hose'a'aa\ior 1:1—3:5\ior* \io1 Ergaa Israa'elitti Dhutte\ior 4:1—13:16\ior* \io1 Ergaa Cubbuu Faaci'atiisaatii Fi Addi'ii\ior 14:1-9\ior* \c 1 \p \v 1 Kun jecha Mootii Waan Maraa ka bara moototi Yihuda'aa: Uziyaan, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas tarre'etti biyya Yihuda'aa bulchanu, bara Yerobi'aamiin mootichi ilmi Yeho'aashiille biyya Israa'elii bulchu gara Hose'aa ilma Beerii dhufe. \s1 Maatii Hose'a'aa \p \v 2 Mootiin Waan Maraa yennaa karaa Hose'a'aatiin dubbatiisa jalqabe, Hose'aan, «Biyyi Mootii Waan Maraa lakkisiisaan waan sagaagalteef, dhaqii, niitii gaarayyeeffattuu fuudhiitii, ijoollee gaarayyeeffattuu akka isi'ii uumadhu» jedhe. \p \v 3 Maarre Hose'aan intala Diiblaayimii Gomer fuudhe; isiille ulfoottee ilma isaaf deette. \v 4 Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Sababa isaan Yizre'elitti dhiiga dhangalaasaneef, ani maatii Yehu'uu yennaa gabaadduu keessatti waan adabuuf, mootummaan Israa'eliille akka baddu waan godhuuf, maqaa isaa ‹Yizre'el\f + \fr 1:4 \fr*\fqa Yizre'el: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Waaqi hin bittinneessa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*› jedhii baasi. \v 5 Guyyaa san ani dhooqa Yizre'elii keessatti guubee Israa'elii hin cassa» jedhe. \p \v 6 Gomer ammalle ulfoottee, intala deette; Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Ani haganaa achi kolbaa Israa'eliitiif waan hin mararreef yookiin hin araaranneef, ‹Lo-Ruhaamaa\f + \fr 1:6 \fr*\fqa Lo-Ruhaamaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Marartii hin dhagganne \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*› jedhii maqaa baasi. \v 7 Kolbaa Yihuda'aatiif ammoo ani hin marara; guube'een, shallaaga'aan yookiin lolaan yookiin fardo'oo fi abbootii fardo'ootiin adoo hin te'in, ani Mootiin Waan Maraa, Waaqi isaanii isaan hin baasa» jedhe. \p \v 8 Gomer eega Lo-ruhaamaa harma irraa guuche, ulfoottee ammalle ilma dhibii deette. \v 9 Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Kolbaan Israa'elii kolbaa tiyya waan hin te'iniif, anille Waaqa isaanii waan hin te'iniif, ‹Lo-Amii\f + \fr 1:9 \fr*\fqa Lo-Amii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Kolbaa tiyyaa moti \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*› jedhii maqaa baasi. \s1 Israa'el Ade'etti Hin Deebiti \p \v 10 «Kolbaan Israa'elii akka maansa abbaayaa qarqaraa ka safaranee yookiin laakkowanee hin dandeennee hin teeti. Adduma, ‹Isaan kolbaa tiyyaa moti› jedhamanetti, isaan, ‹Ilmaan Waaqa jiraata'aa› jedhamanee hin waamaman. \v 11 Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Israa'elii deebitee tokko hin teeti; sooressa tokko hin filatti; guyyaan Yizre'elii guddaa waan te'eef, lafa ifiititti deebi'anee qananumma'aan hin le'an. \c 2 \p \v 1 «Maarre obboleeyyan teessan, ‹Kolbaa tiyya›, obboleeyyan teessan ta durraalle, ‹Marartii› jedha'aa waama'a. \s1 Adabamiisaa Fi Adde'etti Deebi'iisa Israa'elii \p \v 2 «Isiin haadha manaa tiyya waan hin teeneef, anille abbaa manaa isi'ii waan hin teeneef, ijoollee tiyya haadha teessan gorsa'a! Isii gorsa'a! Herrega gaarayyeeffataatii fi sagaagalaa lakkittuu ti. \v 3 Yoo akkas hin te'in, ani mulqee akka guyyaa dhalattee, qullaa isii hambura; akka goomole'ee, lafa godduu isii hin godha; dheebu'uun isii ijjeesa. \v 4 Isaan ijoollee gaarayyeeffattu'uu waan te'aneef, ani ijoollee isi'ii hin mararu. \v 5 Haati isaanii gaarayyeeffattee, karaa salphinnaatiin isaan ulfootte. Isiin, ‹Ani worra midhaanii fi bisaan, woyaa liilanaatii fi woyaa quncee talba'aa irraa hujante, zayiti'ii fi untoo naaf kennanu, gaarayyoota tiyya gula deema› jette. \p \v 6 «Tanaaf, ani haxanxarii qore'eetiin karaa isi'ii hin cufa; akka isiin karaa baatu hin dhagganne, dalleya dhaka'aa itti ijaara. \v 7 Isiin gaarayyoota ifii gula fiiddi ammoo isaan hin dhaqqaddu; isaan hin barbaaddi ammoo hin dhaggitu. Achiin duuba, isiin, ‹Jiruu tiyya ta ammaa, jiruun tiyya ta durii waan caaltuuf, gara dhirsa kiyya ka durii deebi'a› hin jetti. \v 8 Isiin midhaan, daadhii woyni'ii o'itu'uu fi zayitii ejersaa ka isi'iif kenne, meeti'ii fi worqii isaan waaqa dharaa Ba'aaliif hujane, ka baceesse ana akka te'e hin beenne. \p \v 9 «Tanaaf, ani midhaan kiyya yennaa inni bilchaate, daadhii woyni'ii o'ituun tiyyalle yennaa isiin qophootte hin fudhadha. Woyaa liilanaatii fi woyaa quncee talba'aa irraa hujante tiyyalle akka isiin nafa qullaa ifiitiin hin gollanne ani deebisee hin fudhadha. \v 10 Ani gaarayyoota isi'ii duratti mulqee, qullaa isii hambura. Harka kiyya keessaa ka isii baasu hin jiru. \v 11 Ani jila isi'ii mara: jila isi'ii ka wogga'aa, ka baatii ji'aa, ka guyyaa Sanbataa, jila isi'ii ka addaa mara hin hambura. \v 12 Muka woyni'iitii fi muka harru'uu ka isiin, ‹Gaarayyoota kiyyatti gatii naaf kenne› jettu san hin balleessa. Ani gongomaa isaan godha; bineensoti isaan hin nyaatan. \v 13 Guyyoota isiin waaqa dharaa Ba'aaliif hixaana aarsiteef, ani isii hin adaba; isiin qube'ee fi seesa naqattee, gaarayyoota ifii gula deentee, ana ammoo deete» jedhe. \s1 Jaalala Goottaan Kolbaa Ifiitiif Qabu \p \v 14 Mootiin Waan Maraa ammalle, «Tanaaf, ani amma isii hin sossobadha; gara goomole'ee isii geessee, jecha jaalalaa isi'itti hin dubbadha. \v 15 Achitti muka woyni'ii isi'iif hin deebisa; ani dhooqa Akorii\f + \fr 2:15 \fr*\fqa Akor: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Rakkoo \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* balbala addi'ii isi'iif hin godha; achitti akka guyyaa biyya Gibxi'ii keessaa baateetitti, akka guyyaa dargaggummaa ifiititti gammadaan hin faarfatti. \v 16 Guyyaa san ‹Dhirsa kiyya› jettee na waanti malee, akka Ba'aalii waaqa ifii ka dharaa, ‹Goottaa kiyya› jettee waantu na hin waantu. \v 17 Akka isiin deebitee waaqota dharaa Ba'aal maqaa hin dhoonne hin godha. \p \v 18 «Guyyaa san ani bineensota, sinbirroota fi bineensota lafa irra munyuuqanu woliin gondooroo hin godha. Martinuu nageyaan akka le'uuf, ani guube'ee fi shallaagaa, meya lolaa mara lafa irraa hin balleessa. \v 19 Ani haga bara baraa fuudhaaf si hawadadha; balchumma'aan, haqaan, jaalala bara baraatii fi mararti'iin fuudhaaf si hawadadha. \v 20 Ani addatamumma'aan fuudhaaf si hawadadha; atille ana Mootii Waan Maraa hin beetta. \v 21 Yennaa san ani Mootiin Waan Maraa deebii hin kenna; ani ol-gubba'aaf deebii hin kenna; ol-gubbaalle lafaaf deebii hin kenniti. \v 22 Lattille midhaan, woyni'ii fi zayitii ejersaa kenniisaan Yizre'eliif deebii hin kenniti. \v 23 Ani biyya keessatti kolbaa tiyya hin dhaaba; worra, ‹Lo-Ruhaamaa\f + \fr 2:23 \fr*\fqa Lo-Ruhaamaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Marartii hin dhagganne \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*› jedhee waame hin marara; worra ‹Lo-Amii\f + \fr 2:23 \fr*\fqa Lo-Amii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Kolbaa tiyyaa moti \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*› jedhee waame, ‹kolbaa tiyya› hin jedha. Isaanille, ‹Ati Waaqa keenna› anaan hin jedhan» jedhe. \c 3 \s1 Hose'aan Niitii Ifii Woliin Araarame \p \v 1 Ammalle Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaan Israa'elii gara waaqota dhibi'ii deebitulle, midhaan woyni'ii gogaa ka waaqota dhibi'iif adda baye jaalattulle, akkuma ani Mootiin Waan Maraa isaan jaaladhu, atille dhaqiitii, ammalle niitii teeti gaarayyeeffattuu san jaaladhu» jedhe. \v 2 Maarre ani meetii kudhanii shanii fi garbuu kiiloogiraama dhibba tokkoo fi shantamaatiin isii bitadhe. \v 3 Achiin duuba ani, «Adoo hin sagaagalin yookiin hin gaarayyeeffatin, yennaa hedduu na woliin le'i; anille akkasuma si woliin hin le'a» isi'iin jedhe. \v 4 Akkuma kana kolbaan Israa'eliille mootii malee yookiin qondaaltota malee, ciincaa malee yookiin soodduu woyyittii malee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa yookiin waaqa dharaa malee woggaa hedduu hin le'an. \v 5 Achiin duuba Israa'elooti deebi'anee, Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitii fi mootii ifii ka sanyii Daawitii hin barbaadan; bara muumme'ee soda'aan gara Mootii Waan Maraatii fi gara eebba isaa hin deebi'an. \c 4 \s1 Israa'el Himatante \p \v 1 Ee kolbaa Israa'elii, Mootiin Waan Maraa isin worra lafa tana keessa leetanu woliin dubbii waan qabuuf, jecha isaa dhage'a'a: «Addatamummaan hin jirtu; jaalalli bara baraa hin jiru; ana Waaqa beekuun lafa teessan keessa hin jirtu. \v 2 Abaarsa, dhara, ijjeechaa, hannaa fi gaarayyeeffata qofatti achi jira; wolii galtee mara diigan; dhiiga dhangalaasiis isaanii bacateera. \v 3 Sababa kanaaf, oolaan lafatti bu'a; wonni isii irra le'u marti hin du'an; bineensotii fi sinbirrooti, qurxummiin abbaaya'aalle hin dhumatan. \s1 Hayyooti Himatamane \p \v 4 «Kolbaan teeti akkuma worra hayyoota himatuu san waan teeteef, nami dubbii hin kaasin; nami nama dhibii himatu hin jiraatin. \v 5 Isin halkanii fi guyyaa gufattan; raagotille isin woliin gufatan. Tanaaf, ani biyya teessan Israa'el hin balleessa. \v 6 Kolbaan tiyya beekkumsa dhabiisaan baddeerti; isin beekkumsa waan jibbitaneef, anille akka isin hayyoota naaf hin teene isin jibbe; isin seera ana Waaqa keessanii waan deetaneef, anille ijoollee teessan hin dedha. \p \v 7 «Akkuma hayyooti bacatte, cubbuun isaan na irratti hujanulle bacatte; ani ulfinna\f + \fr 4:7 \fr*\fqa Ulfinna: \fqa*\ft Ulfinni kun ka Waaqaa ti.\ft*\f* isaanii salphinnatti hin jijjiira. \v 8 Isaan kennansa kolbaan tiyya sababa cubbu'uutiif kennitu nyaatan; akka kolbaan yakkaa baceessitee hujju fedhan. \v 9 Hayyootille akkuma kolba'aa ti; ani isaan lachuu hin adaba; hujii isaaniitiif gatii isaaniif hin kaffala. \v 10 Isaan hin nyaatan, ammoo hin quufanu; hin sagaagalan, ammoo hin horanu; isaan ana Mootii Waan Maraa lakkisanee, \v 11 sagaagalaaf, daadhii woyni'ii ta baatee fi ta hin bayin, ta hubantii kolbaa tiyya irraa fudhatteef ifi kennane. \v 12 Kolbaan tiyya waaqota muka irraa hujame irraa gorsa gaafatti. Uleen mukaa deebii isaaniif kenniti. Ayyaanni sagaagalaa karaa irraa isaan gorsa; isaan Waaqa ifiitiif hin addatamanu. \v 13 Isaan qaccee gaarotaa irratti ciincaa ciincessan; koobota irratti, qilxaa jalatti, muka dafee guddatuu fi daandii jalatti, gaaddisi isaanii waan toluuf, kennansa gubamu dhikeessan. \p «Tanaaf, ijoolleen durraa teessan sagaagalti; niitoti ilmaan teessaniille gaarayyeeffatti. \v 14 Ijoolleen durraa teessan yennaa sagaagaltu, niitoti ilmaan teessaniille yennaa gaarayyeeffattu, ani isaan hin adabu; sababille, dhiirtinuu sagaagaltoota gula deemaa, galma waaqota dharaatitti woliin ciincaa dhikeessan; kolbaan hubantii hin qanne hin baddi. \p \v 15 «Ee, Israa'el, ati gaarayyeeffattulle, Yihudaan akka keeti hin te'in. Giilgal hin dhaqina'a; gara Bet-Aweenii\f + \fr 4:15 \fr*\fqa Bet-Aween: \fqa*\ft Addee waaqota dharaa itti waaqonfatanu.\ft*\f* ol hin bayina'a. ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee› jettaneelle hin kakatina'a. \v 16 Kolbaan Israa'elii akka goronsa jallichaa teeteerti. Mootiin Waan Maraa akka hoolota diida dansaa keessaa attam isaan tissa ree? \v 17 Kolbaan Israa'elii waaqota dharaatiin wolitti hidhanteerti. Itti lakkisa'a. \v 18 Yennaa untoo ifii fixatanulle, sagaagala ifiititti ka'an; bulchitooti isaanii salphinna kana guddoo jaalatan. \v 19 Hobonbolattiin haxoottee isaan fudhattee hin ideenti; ciincaan isaanii salphinna isaanitti hin fida. \c 5 \s1 Muraa Israa'elitti Murantu \p \v 1 «Isin hayyoota, tana dhage'a'a! Isin Israa'eloota hubadha'a! Ee, maatii moototaa caqasa'a! Muraan tun isin irratti muranti; isin Miispha'atti tiyyoo, gaara Taaborii irralle'etti caccoo afante teetaneertan. \v 2 Worri finqilaan ijjeecha'atti jabaataneeran. Ani isaan mara hin adaba. \v 3 Ani marroo Efreemotaa hin beeka; Israa'el na duraa dhokattee hin jirtu. Efreem, ati amma gara sagaagalaa deebiteerta; Israa'el battootteerti. \p \v 4 «Hujiin isaanii gara Waaqaa akka deebi'anu isaan hin gootu. Sagaagalummaan yaada isaanii keessa jirti; isaan Mootii Waan Maraa hin beekanu. \v 5 Koorri Israa'elii isaanuma irratti dhugaa baya; Israa'elii fi Efreem cubbuu ifiitiin gufatan; Yihudaalle isaanuma woliin gufata. \v 6 Isaan hoole'ee fi re'ee, loon ifiille fudhatanee Mootii Waan Maraa hin barbaadan; garuu inni isaan irraa waan adda bayeef, isaan isa hin dhagganu. \v 7 Isaan Mootii Waan Maraatiif waan hin addataminiif, ijoollee ormaaf uumaneeran; tanaaf amma jilti baatii ji'aa ta isaanii, isaanii fi fichaa isaanii hin balleessiti. \s1 Yihuda'aa fi Israa'el Wol Lolan \p \v 8 «Giibe'aa keessatti tultullaa, Raamaa keessatti suusullee afuufa'a. Bet-Aween keessatti iyya lolaa kaasa'a. ‹Ee, kolbaa Beniyaaminii, isinitti dhufane› jedha'a \v 9 Guyyaa adabbi'ii Efreem duwwaa hin teeti; ani gosa Israa'elii oddu'utti dhugumaan waan te'uuf jiru lassiisatti jira. \p \v 10 «Sooreyyiin Yihuda'aa akka worra meessaa dhiibuu te'aneeran; ani mufii tiyya akka lolaa bisaanii isaan irratti hin dhangalaasa. \v 11 Efreem waaqota dharaa hordofiisa yaada waan qabuuf, cunqurfamee, muraan isatti dhutte. \v 12 Ani Efreemiif akka qu'e'ee\f + \fr 5:12 \fr*\fqa Qu'e'ee: \fqa*\ft Yookiin qooqqanna'aa yookiin barbaara'aa jedhamuu hin dande'ama.\ft*\f*, kolbaa Yihuda'aatiif akka shanto'oo hin te'a. \p \v 13 «Efreem dhibee ifii, Yihudaan madaa ifii yennaa dhagge, achiin duuba Efreem gara biyya Asoorii deebi'ee, qarqaarsa dhaggatiisaaf mootii guddichatti ergate; inni ammoo dhibee isaanii fayyisuu, madaa isaaniille irraa balleessuu hin dandeenne. \v 14 Ani Efreemitti akka neenqaa, Yihudaalle'etti akka neenqa dardaraa hin te'a. Ani tatarsaasee kukkutee isaan biraa hin deema; fuudheelle hin deema; ka isaan baasu hin jiru. \p \v 15 «Haga isaan yakkaa ifii beekanutti, ani gara addee tiyyaa hin deebi'a. Isaanille fuula kiyya hin barbaadan; isaan rakkinna ifii keessa akka malee na hin barbaadan» jedhe. \c 6 \s1 Cubbuu Faaci'ata Dhaba Kolbaa Israa'elii \p \v 1 Kolbaan, «Kowa'a, gara Mootii Waan Maraa deebinaa! Isattuu nu kukkutee, isattuu nu fayyisa; isattuu nu madeessee, isattuu madaa teennaa hidha. \v 2 Guyyaa lamaan duuba inni jiruu haareya nu keessa hin keya; akka fuula isaa dura leenu guyyaa sadiin duuba nu hin kaasa. \v 3 Kowa'a, Mootii Waan Maraa beennuu ti; isa beekiisaaf wodhaanuu ti. Inni akka boruu dayya'uu hin mudhata; akka bokkeya gannaa, akka bokkeya furmaataa ka lafa jiisuu gara keenna hin dhufa» hin jetti. \p \v 4 Mootiin Waan Maraa, «Ee Efreem, ani maan si godhu ree? Ee Yihuda'a, ani maan si godhu ree? Jaalalli keessan akka hurrii ganamaa ti; akka fixeensa ganamaa ka dafee baduu ti. \v 5 Tanaaf, ani karaa raagota tiyyaatiin isin kukkutee, jecha kiyyaan isin ijjeese. Muraan tiyyalle akka balaqqeetti'ii isin irratti balaqqitte. \v 6 Ani ciincaa caalaa jaalala bara baraa, kennansa gubamu caalaa ana Waaqa beekiisa keessan barbaada. \p \v 7 «Isaan akkuma Addaamii gondooroo diigane. \v 8 Giil'aad qachaa namoota hamootaa, ka dhiigaan battowe. \v 9 Worri nama saamu akkuma riphee nama eegu, hayyootille goli'iin akkasuma godhan; isaan karaa Sheekem geessu irratti nama ijjeesaa, yakkaa fokkisiittuu hujan. \v 10 Ani Israa'el keessatti waan nafa nama shuguggeessu dhaggeera; Efreem achitti sagaagalee Israa'el battootte. \p \v 11 «Kolbaa tiyya boojuu irraa yennaa deebisu, ee kolbaa Yihuda'aa, isinille yennaa itti haammantanu murteesseera. \c 7 \p \v 1 «Ani yennaa kolbaa Israa'elii fayyisuu barbaadutti, yakkaan kolbaan Efreemii, hammeenni Samaariya'aa hin mudhata; isaan sobaan hujan; hattuun mana cassitee seenti; saantuulle karaa irratti nama saanti. \v 2 Isaan ammoo hujii isaanii hantuu tana mara akka ani qaabadhu hin yaadatanu; cubbuun isaanii isaan marsitee, yennaa mara fuula kiyya dura jirti. \s1 Karoora Hamaa Mana Mootumma'aa Keessaa \p \v 3 «Isaan mooticha hammeenna ifiitiin, qondaaltota dhara ifiitiin gammachiisan. \v 4 Isaan martinuu gaarayyeeffattoota, akka eelee ibidda irratti o'itee, ta nami daabboo bilcheessu bukoo sukkuumee haga isiin bukoottutti ibidda itti tuttuqiisa hin barbaachinnee ti. \v 5 Guyyaa jila mootii keennaa qondaaltoti machii daadhii woyni'iitiin finiinane. Mootichille worra murgaameyyii woliin wolii gale. \v 6 Isaan akka eelee finiintee ti; gadhaan isaanii isaan keessatti gubata; halkan guutuu aariin hin qabbanoottu; ganama akka bobe'a ibiddaa bobeetti. \p \v 7 «Isaan martinuu akka eele'ee finiinaneeran; bulchitoota ifiille fixaneeran. Moototi isaanii marti jidde; isaan keessaa tokkolle qarqaarsa na hin gaafanne. \s1 Israa'elii Fi Gosa Biyya Adda Addaa \p \v 8 «Kolbaan Efreemi gosa biyya adda addaa woliin wolitti makante; kolbaan Efreemii akka bixee gara hin galfaminii ti. \v 9 Ormi hunna isaanii nyaate; isaan ammoo hin hubanne; arriin isaan wowworaante; isaan ammoo hin qalbeeffanne. \v 10 Koorri kolbaa Israa'elii isaanuma irratti dhugaa baya; tun marti teetee ammoo, isaan gara ana Mootii Waan Maraa Waaqa ifii hin deebine. \v 11 Kolbaan Efreemii akka saphaliisa hubantii hin qanne ka akkuma kasoo sobamuu ti; qara worra Gibxi'ii qarqaarsa gaafatan; achiin duuba gara worra Asoorii deebi'an. \v 12 Yennaa isaan deemanu, ani tiyyoo tiyya isaanitti hin afa; akka sinbirre'ee gubba'aa gad isaan hin buusa. Marroo hujii isaanii hantu'uutiif wolde'a isaanii oddu'utti isaan hin adaba. \p \v 13 «Isaan na irraa waan goraneef, isaaniif aanne'e! Isaan na finqilanee natti waan ka'aneef, badiin isaanitti dhuttuu ti! Ani isaan wodiisaaf barbaade; isaan ammoo dhara na irratti dubbatan. \v 14 Isaan taqee ifii irratti wiiccifatan malee, gadhaa tokkochaan gara kiyya hin iyyanu; isaan midhaanii fi daadhii woyni'iitiif wolitti dacha'an; na irraa ammoo hin fagaatan. \v 15 Ani leenjii isaaniif kennee, isaan jabeessulle, isaan ammoo na irratti mala hamaa dhowan. \v 16 Isaan gara waan bu'aa hin qannee deebi'ane; isaan akka guubee qajeelatti daaya hin darbannee ti; sooreyyiin isaanii sababa dubbii hantuu ifiitiif shallaaga'aan hin dhumatan. Waan kanaaf, worri biyya Gibxi'ii isaanitti hin murgan» jedha. \c 8 \s1 Israa'el Hobonbolattii Haammatti \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, «Tultullaa afaanitti keyadhu! Kolbaan tiyya gondooroo tiyya cassitee, seera kiyyalle waan mormiteef, diinni akka risa'aa kolbaa tiyya gubbaa mara. \v 2 Israa'el, ‹Ee, Waaqa keenna, nuuti si beenna!› jettee gara kiyya iyyiti. \v 3 Ammoo waan dansaa jibbiteerti; diinni isii hin ari'a. \p \v 4 «Isaan eeyyama kiyya malee mootota moosifataneeran; adoo na hin gaafatin qondaaltota filataneeran. Lafa irraa badiisaaf, meeti'ii fi worqii ifiitiin waaqota dharaa ifumaaf hujataneeran. \v 5 Ee worra Samaariya'aa, waaqa dharaa keessan ka jabbii fakkaatu gata'a. Aariin tiyya worra waan kana godhu irratti hin bobeetti; isaan haga yoomii qulqullummaa dhaban ree? \v 6 Israa'el keessatti, waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu kana nama hujii harkaa beeku tokkotti huje malee, wonni Waaqaa moti; waaqi Samaariya'aa ka jabbii fakkaatu sun caccabee hin bututa. \v 7 Isaan qilleensa facaafatanee, hobonbolattii haammatan. Midhaan fichaa isaanii mataa hin qabu; midhaanille hin buusu; yoo midhaan buuselle ormatti nyaata. \v 8 Kolbaan Israa'elii liqinfanteerti; gosa biyya adda addaa oddu'utti meya bu'aan hin qanne teeteerti. \v 9 Isaan akka harree diidaa qofi joonjanee, gara worra Asoorii dhaqane; kolbaan Efreemii gatii kaffaltee jaalota godhatte. \v 10 Isaan gosa biyya adda addaa oddu'utti gatii kaffalanee jaalota godhatanulle, ani amma wolitti isaan qabee isaan hin adaba; cunqursaa mootota hunnaameyyi'ii jalatti dadhabaa, dadhabaa hin ideeman. \p \v 11 «Kolbaan Israa'elii ciincaa sababa cubbu'uutiif addee ciinca'aa bacaa hujjulle, addeen ciinca'aa sun addee cubbuu itti hujanu teete. \v 12 Ani waan seera kiyya keessaa hedduu isaaniif barreesse; isaan ammoo waan san akka alaga'aatitti laakkowane. \v 13 Isaan kennansa ciinca'aa naaf dhikeessan; foon ciinca'aa hin nyaatan. Ani Mootiin Waan Maraa ammoo isaanitti hin gammanne. Ani amma hammeenna isaanii hin qaabadha; cubbuu isaaniitiif isaan hin adaba; isaanille gara biyya Gibxi'ii hin deebi'an. \p \v 14 «Israa'el ka isii dade deetee, mana mootumma'aa ijaarratte; kolbaan Yihuda'aalle qachoota dalleya dhaka'aa qabu hedduu ijaarratte. Ani ammoo ibidda qachoota isaaniititti hin erga; ibiddi sunille kushee isaanii hin fixa» jedha. \c 9 \s1 Adabbii Israa'el Dhaqqaddu \p \v 1 Ee Israa'el, ati Waaqa keeti irratti akka sagaagaltu'uu teeteerta; addee eeddumme'ee maratti gatii sagaagaltootaa waan jaalatteef, hin firinxiixin; akka gosi biyya adda addaa ilillittu hin ilillisin. \v 2 Eeddummee keessatti midhaan, addee woynii itti cunfanu keessalle'etti woyniin hin dhaggantu; daadhiin woyni'ii haarettille hin jiraattu. \v 3 Isaan lafa Mootii Waan Maraa keessa hin turanu; kolbaan Efreemii gara biyya Gibxi'ii hin deebiti; biyya Asoorii keessalle'etti sagalee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in hin nyaatti. \v 4 Isaan dhibaayyuu daadhii woyni'ii Mootii Waan Maraatiif hin dhibaasanu; ciincaan isaanii isa hin gammachiittu; ciincaan akkasii sun isaaniif akka sagalee haqaqo'oo ti; ka sagalee san nyaatu marti batticha hin te'a; sagaleen tun isaanuma qofaaf hin teeti; Galma Waaqaa keessatti ciincaa te'iisa hin dandeettu. \v 5 Guyyaa jila teessan ta beekkantee irratti, guyyaa jila Mootii Waan Maraa irratti, maan godhu'uu jirtan ree? \v 6 Isaan badii jalaa bayanelle, Gibxi isaan wolitti hin qaddi; qachaa Memfiisiititti hin awwaalaman. Qabeenna isaanii ka meeti'ii raaqi irra hin dacha'a; dunkaanii isaaniille qoreettiin irra hin yaati. \p \v 7 Guyyaan adabbi'ii dhufeera; guyyaan mura'aa dhikaateera; Israa'el tana beettuu ti. Cubbuun teessan bacaa, yakkaan teessanille guddoo waan teeteef, raagichi akka gowwa'aa, nami ayyaana Waaqaatiin guutame akka maraata'aa laakkowameera. \v 8 Raagichi, Waaqa kiyya woliin nama kolbaa Efreemii eegu; te'uu malee karaa isaa mara irratti tiyyoon, mana Waaqa isaa keessalle'etti diinummaan isa eeddi. \v 9 Akkuma bara qachaa Giibe'aatitti te'e, isaan battummaa keessa lixane; Waaqi hammeenna isaanii hin qaabata; cubbuu isaaniitiif isaan hin adaba. \s1 Sababa Cubbu'uutiif Waan Israa'elitti Dhufe \p \v 10 Mootiin Waan Maraa, «Ani yennaa Israa'el dhagge, akka nama goomolee keessatti unkuruura woyni'ii dhaggee ti; ani yennaa abbootii teessan dhagge, akka nama midhaan qaraa muka harru'uu irratti dhaggee ti. Isaan ammoo yennaa gara Ba'aal Phe'orii dhufane, waaqa dharaa fokkisiisaa saniif adda ifi baasane; akkuma waaqa dharaa ka jaalatanuu san battoolee te'ane. \v 11 Ulfinni Efreemii akka sinbirre'ee ka'ee hin bada; deyiis, ulfoyiis, gadha'atti hafiis\f + \fr 9:11 \fr*\fqa Gadha'atti hafiis: \fqa*\ft Kun tee'iisa xurii aadaa dubarti'ii ilaala.\ft*\f* hin jiraattu. \v 12 Isaan yoo ijoollee guddifatanelle, ijoolleen isaanii tokkolle adoo hin hafin hin dhumatan. Yennaa ani isaan biraa deeme isaaniif aanne'e! \v 13 Ani kolbaa Efreemii akka qachaa Xiiroosii addee dansaa jiranuun dhagge. Amma ammoo kolbaan Efreemii ijoollee ifii worra qaluuf dhikeessite» jedha. \v 14 Ee Mootii Waan Maraa, isaaniif kenni! Ati maan isaaniif kennita? Gadaamessa ulfi irraa bayuu fi harma gogaa isaaniif kenni. \s1 Israa'el Irratti Muraa Mootii Waan Maraa \p \v 15 Mootiin Waan Maraa, «Sababa hammeenna isaanii ka Giilgal keessaatiif, ani achitti isaan jibbe; sababa hujii cubbittii isaaniitiif, ani mana kiyya keessaa oofee isaan hin baasa. Ani haganaa achi isaan hin jaaladhu; sooressitooti isaanii marti finqiltoota. \v 16 Kolbaan Efreemii dhowante; hiddi isaanii goge; isaan midhaanille hin buusanu. Isaan yoo ijoollee uumatanelle, ani ijoollee isaan jaalatanu isaan duraa hin ijjeesa» jedha. \s1 Raagichi Marroo Israa'elii Dubbata \p \v 17 Waan isaan isaaf hin ajajaminiif, Waaqi kiyya isaan hin gata. Isaan gosa biyya adda addaa odduu worra daaqu hin te'an. \c 10 \p \v 1 Kolbaan Israa'elii akka muka woyni'ii ka banqaaqee, midhaan bacaa buusuu ti; isaan akkuma bacatane, addee ciinca'aa bacaa ijaarratane; akkuma latti isaanii tolte, soodduu woyyittii waaqa dharaalle seesanee hujane. \v 2 Gadhaan isaanii sobaan guutameera; amma isaan yakkaa ifiitiif adabbii fudhatuu qaban. Mootiin Waan Maraa addee ciinca'aa ta isaanii hin caccassa; soodduu woyyittii waaqa dharaa ta isaaniille hin balleessa. \p \v 3 Achiin duuba isaan, «Nuuti Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenniisa waan dhanneef, mootii hin qannu; ammoo mootii adoo qabaannelle'ee maan nuu godhuu dande'a?» hin jedhan. \v 4 Isaan waadaa hedduu galaa, kakuu dharaa kakataa, wolii galtee godhatan. Tanaaf, akkuma shuqunaan hadhaa ifi keessaa qaddu fichaa keessatti bacattee lattu, muraa isaan kennanu irratti moromaan hin bacatti. \p \v 5 Worri qachaa Samaariya'aa keessa le'u waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu ka Bet-Aweenii hin sodaatan; isaafille hin bowan. Waaqi dharaa ka isaan ulfinna isaatiif firinxiixanu waan isaan duraa booji'ameef, hayyooti isaa, isaaf wiiccifatanee hin bowan. \v 6 Waaqi dharaa ka jabbii fakkaatu sun gara biyya Asoorii geeffamee, mootii guddichaaf kennansa te'ee hin dhikaata. Kolbaan Efreemii hin salphatti; sababa waaqa dharaatiif hin fokkifatti. \v 7 Samaariya'aa fi mootiin isi'ii akka hoomacha bisaan irraa hin badan. \v 8 Addeen waaqonfanna'aa ta Bet-Aweenii, addeen Israa'el waaqota dharaa waaqonfatiisaan cubbuu itti hujju hin baddi; addee ciinca'aa ta isaanii san irratti qore'ee fi qumi'uuduun lattee hin golliti. Achiin duuba isaan gaarotaan, «Nu golla'a», koobotalle'een, «Nu irratti jiga'a» hin jedhan. \s1 Mootiin Waan Maraa Muraa Israa'el Irratti Lallabe \p \v 9 Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, bara qachaa Giibe'aatii jalqaddanee cubbuu hujjane; achumatti itti jabaattane. Worra waan hantuu huju ka Giibe'aa keessaa lolli hin findhee ree? \v 10 Ani yennaa fedhe isaan hin adaba; marroo cubbuu dacha'aan hujanuuf, isaan adabiisaaf, gosi biyya adda addaa wolitti qabamanee isaan irratti hin ka'an. \p \v 11 «Kolbaan Efreemii akka goronsa leenjifamee, midhaan dhowiisa jaalatuu ti; maarre ani morma kolbaa Efreemii dansaa san irra waanjoo keyee hin oofa. Yihudaan lafa qotuu qaba; Yaaqoobille lafa laaffisuu qaba. \v 12 Ani, ‹Yennaan tun yennaa isin ana Mootii Waan Maraa barbaaddanu waan teeteef, haga ani dhufee balchummaa isin irratti dhangalaasutti, ifumaaf balchummaa facaafadha'a; midhaan jaalala bara baraa haammadha'a; lafa hin qotamin qota'a› jedhe. \v 13 Isin ammoo hammeenna facaafattanee, waan hantuu haammattane; midhaan dhara teessanii nyaattane. Hunna teessanii fi bacinna jannoota teessanii waan addattaneef, \v 14 akkuma mootichi Shalmaan guyyaa lolaa qachaa Bet-Arbelii balleesse, haadha ijoollee isi'ii woliin lafa irratti macalaasee, lolli kolbaa teeti irratti hin ka'a; kusheen teessan martille hin baddi. \v 15 Ee kolbaa qachaa Bet'elii, hammeenni keessan guddaa waan te'eef, isin irralle'etti akkasuma hin teeti. Guyyaan sun yennaa geye mootiin Israa'elii ijjumaa hin bada. \c 11 \s1 Jaalala Waaqi Israa'eliif Qabu \q1 \v 1 «Yennaa Israa'el ijoolle'ee, \q2 ani isa jaaladhe; \q2 biyya Gibxi'ii keessalle'ee ilma kiyya waame. \q1 \v 2 Irra caalaa ammoo ani kolbaa Israa'elii waame; \q2 irra caalaa isaan na irraa fagaatane. \q1 Isaan waaqa dharaa Ba'aaliif ciincaa dhikeessanee, \q2 fakki'iifille hixaana aarsane. \q1 \v 3 Harka kolbaa Efreemii qabee daaddisee, \q2 deemiisa ka barsiise ana; \q2 isaan ammoo ka isaan fayyise \q2 ana akka te'e hin beenne. \q1 \v 4 Ani wodaroo gadhi-laafummaa namaatiin, \q2 hidhaansa jaalalaatille'een isaan harkise; \q2 waanjoo morma isaanii irraa fuudhee \q2 gad jedhee isaan areere. \p \v 5 «Isaan gara kiyya deebi'uu waan didaneef, gara biyya Gibxi'ii hin deebi'anuu ree? Worri Asoorii isaan hin bulchuu ree? \v 6 Shallaagaan qachoota isaanii keessa hin balaqqitti; danqaraa karra dalleya isaanii kukkuttee karoora isaanii hin balleessiti. \v 7 Kolbaan tiyya na irraa fagaatiisaaf murteeffatte; isaan Waaqa Ol Aanaa yoo waammatanelle, ani karuma te'e maraanuu isaan ol hin qabu. \b \q1 \v 8 «Ee Efreem, \q2 ani attam si lakkisuu dande'a ree? \q2 Ee Israa'el, \q2 ani attam dabarsee si kennuu dande'a ree? \q1 Akka qachaa Aadimaa \q2 ani attam dabarsee si kennuu dande'a ree? \q1 Yookiin akka qachaa Zebo'iimii \q2 ani attam si godhuu dande'a ree? \q1 Gadhaan kiyya raafame; \q2 Marartiin tiyya marti kakkaateerti. \q1 \v 9 Ani aarii tiyya ta bobeettu gad hin lakkisu; \q2 deebi'ee Efreem hin balleessu; \q2 ani Waaqa Woyyicha odduu teessan jiru malee, namaa moti; \q2 ani mufi'iin gara keessan hin dhufu. \p \v 10 «Isaan ana Mootii Waan Maraa hin hordofan; \q2 anille akka neenqaa dhangaa hin dhowa. \q1 Yennaa ani dhangaa dhowu, \q2 ijoolleen tiyya hollataa karaa aduun seentu irraa hin dhufan. \p \v 11 «Isaan hollataa akka sinbirrootaa biyya Gibxi'ii irraa, \q2 akka saphaliisaa biyya Asoorii irraa hin dhufan. Anille mana isaaniititti isaan hin qubachiisa; \p \v 12 «Efreem dharaan, kolbaan Israa'elii sobaan na marsite; Yihudaalle ana Waaqa Woyyicha addatamaa irratti ka'e. \c 12 \p \v 1 «Kolbaan Efreemii qilleensa tissiti; qilleensa karaa aduun baatuu ari'aa oolti; dharaa fi hunnaan nama irratti ka'iisa baceessiti; Asoor woliin wolii galtee gooti; gara biyya Gibxi'iille zayitii ejersaa ergiti» jedha. \p \v 2 Mootiin Waan Maraa Yihudaa irratti waan ciicatu qaba; akka ideensa isaatitti Yaaqoob hin adaba; akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffala. \v 3 Inni gadaamessa haadha ifii keessatti jimuu obboleessa ifii qabe; yennaa nama guddaa te'elle Waaqa woliin wodhaantoo qabate. \v 4 Ergamaa Waaqaa woliin wodhaantoo qabatee injifate; inni bowee akka fudhatama dhaggatu kadhate; Waaqi Bet'elitti itti mudhatee, achitti isa woliin dubbate. \v 5 Mootiin Waan Maraa Waaqi waan mara Dande'u maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti. \v 6 Ati ammoo gara Waaqa keetii deebi'i; jaalalaa fi haqa eegi; yennaa mara Waaqa keeti eegadhu. \s1 Jechoota Mura'aa Ka Dhibii \p \v 7 Daldalaan madaallii dharaatiin gurgurata; sobiisa jaalata. \v 8 Kolbaan Efreemii, «Nuuti dureeyyi'i; dureeyyii teeneerra; karra teenna tana mara woliin eennulle yakka'aa fi cubbuu nu keessatti hin dhaggu» jettee koorti. \v 9 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase. Akkuma dur guyyaa jila beekkantuu teessanii dunkaanii keessa leetanu, ammalle dunkaanii keessa akka leetanu hin godha. \p \v 10 «Ani raagotatti dubbadhee, mudhii bacaa isaanitti mudhise; karaa isaaniitiin mammaassa hedduulle mammaake. \v 11 Qachaan Giil'aadii hama'aa motii? Kolbaan qachaa Giil'aadiille bu'aa hin qaddu! Isaan Giil'aad keessatti korommii ciincaa dhikeessanii motii? Addeen ciinca'aa ta isaanii akka tuulaa dhaka'aa ta fichaa qotame keessa jirtuu hin teeti» jedha. \p \v 12 Yaaqoob gara biyya Aaramii baqate; Israa'el niitii dhaggatiisaaf namaaf tajaajile; gatii isi'ii kaffaliisaaf hoolee tisse. \v 13 Mootiin Waan Maraa raagicha ergee kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa baase; karaa raagichaatiin isaan kunuunse. \v 14 Kolbaan Efreemii dhiiga kolbaa dhibi'ii dhangalaasiisaan akka malee Goottaa aarsite; Goottaan dhiiga dhangalaasane san mataa isaaniititti hin deebisa; tuffii isaaniitiifille gatii isaaniif hin kaffala. \c 13 \s1 Muraa Muummee Irratti Israa'elitti Murantu \p \v 1 Yennaa kolbaan Efreemii dubbatte, namooti hollatane; isaan Israa'el keessatti saadamane. Ammoo isaan waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan cubbuu hujanee du'ane. \v 2 Ammalle isaan waaqota dharaa ka nami hujii beeku qarumma'aan huju, meetii ifii irraa hujiisaan ittuma ede'anee cubbuu hujan; waaqoti dharaa sun martinuu hujii nama hujii harkaa beekuu ti. Isaan, «Waaqota dharaa kanaaf ciincaa dhikeessa'a» jedhan. Namooti waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu kana sunqatan. \v 3 Tanaaf, isaan akka hurrii ganamaa ti; akka fixeensa bari'iin dafee bu'uu ti; akka hicaacee eeddummee keessaa qilleensi fudhatuu, akka aara karaa fodda'aatiin bayuu hin te'an. \v 4 Mootiin Waan Maraa, «Ani ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; isin ana malee Waaqa dhibii hin beettanu; ana malee fayyisaan hin jiru. \v 5 Ani goomolee keessatti, lafa o'a bobe'a keessatti isin eege. \v 6 Ani yennaa isaan areere, isaan quufane; isaan yennaa quufane, kooranee na dedhane. \v 7 Ani akka neenqaa isaanitti hin dhufa; akka qeeransaa karaa cina'atti isaan hin gaada. \v 8 Akka doobbaa ilmoolee jalaa fudhatanee, ani isaan hin dhowa; qoma isaanii cassee bana. Ani akka neenqaa isaan hin nyaadha; bineensi isaan hin bibixxila. \p \v 9 «Ee kolbaa Israa'elii, qarqaaraa keessan ka te'e, na irratti waan kaataneef, hin baddan. \v 10 Isin, ‹Mooti'ii fi qondaaltota nuuf kenni› jettaneertan; akka isin baasuuf, mootiin keessan meet ree? Qachoota keessan mara keessa bulchitooti teessan meet ree? \v 11 Maarre ani aarii tiyyaan mootii isiniif kennee, mufii tiyyaan achii isa balleesse. \p \v 12 «Yakkaan Efreemii kuufanteerti; cubbuun isaa galmeeffanteerti. \v 13 Akka dubartii deettuu ciniinsuun itti dhutti; inni ammoo mucaa qaro'oo moti. Guyyaan inni dhalatu yennaa gewu, gadaamessa keessaa hin baane. \v 14 Ani hunna addee worri du'e jiruu jalaa isaan hin baasuu ree? Du'a jalalle'ee isaan hin woduu ree? Ee du'a! Balaan keeti meet ree? Ee addee worri du'e jiru! Badiin teeti ta ati fiddu meet ree? Ani haganaa achi kolbaa tana hin mararu. \v 15 Efreem obboleeyyan ifii oddu'utti midhaan yoo baaselle, qilleensi karaa aduun baatuu, Mootii Waan Maraa biraa, goomolee keessaa ka'ee hin dhufa; maddi hin maddu; baleessi hin goga; wonni gatii qabu marti mana kuusa'aa keessaa hin saamanti. \v 16 Kolbaan Samaariya'aa Waaqa ifii irratti waan kaateef, yakkaa ifiitiif adabamuu qaddi; isaan shallaaga'aan hin du'an; daa'immaan isaanii lafatti dhowanee hin macalaasan; dubartoota isaanii ta ulfaalle gadhaa isaanii hin baqassan» jedha. \c 14 \s1 Eebba Dhaggatiisaaf Cubbuu Irraa Deebi'iisa \p \v 1 Ee kolbaa Israa'elii, cubbuun teessan waan isin gufachiitteef, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebi'a'a. \v 2 Jechoota kana isaan jedhiisaaf, fudhadha'aatii gara Mootii Waan Maraa deebi'a'a'a: «Cubbuu teenna mara nuu araaram! Galata dansaa afaan keennaa akka dhikeessinu, mararti'iin nu fudhadhu. \v 3 Asoor nu baasuu hin dande'u; fardoo lolaa irra hin teennu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne si'iin marartii waan dhaggattuuf, nuuti ijjumaa deebinee waan harki keenna hujeen, ‹Waaqota keenna› hin jennu» jedha'aan. \s1 Mootiin Waan Maraa Jiruu Haareya Israa'eliif Kenniisaaf Waadaa Gale \q1 \v 4 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Ani dhukkuba na irraa isaan fageessu irraa \q2 isaan hin fayyisa; \q2 aariin tiyya isaan irraa waan deebiteef, \q2 ani akkasumaan isaan hin jaaladha. \q1 \v 5 Ani Israa'eliif \q2 akka tiifu'uu hin te'a. \q1 Isaan akka daraara'aa hin baqan; \q2 akka hindheensa Libaanonii hidda gad hin naqatan. \q1 \v 6 Isaan quunxoo haareya hin baasan. \q2 Akka muka ejersaa hin miidhagan; \q2 fooleen isaanii akka hindheensa Libaanonii hin teeti. \q1 \v 7 Isaan deebi'anee gaaddisa kiyya jala hin boqatan. \q1 Akka midhaanii hin latan; \q2 akka muka woyni'ii hin daraaran; \q2 akka daadhii woynii biyya Libaanonii gurra hin horatan. \q1 \v 8 Ee kolbaan Efreemii, \q2 waaqota dharaa biraa \q2 ani maan qaba ree? \q1 Ka deebii isiniif kennu, \q2 ka isin kunuunsu ana. \q1 Ani akka muka yennaa mara bisiluu ti; \q2 eebbifam keessan na biraa dhufa» jedha. \b \q1 \v 9 Nami qaroon waan kana hin hubata; \q2 nami woy hubatu waan kana hin qalbeeffata; \q2 karaan Mootii Waan Maraa qajeela'a; \q2 balchooleen irra ideeman; \q2 finqiltooti ammoo keessatti gufatan.