\id HEB - Guji Bible \ide UTF-8 \h Ibroota \toc1 Ergaa Gara Ibrootaa Ergante \toc2 Ibroota \toc3 Ibr. \mt1 Ergaa Gara Ibrootaa Ergante \imt Seensa \ip Ergaan tun gara kiristaanota morimiin guddoon waan dhaqqaddeef dhugeeffannaa ifii lakkisiisa geyaneeranuu barreeffante. Barreessaan Yesuus Kiristoos mudhii Waaqaa dhugitti'ii fi ta muumme'ee akka te'e mudhisiisaan, akka dhugeeffattooti Ibrootaa dhugeeffannaa ifiitiin jabaattu jajjabeessa; tana godhiisaan dhugaa sad ifa baasee mudhisa: \ip 1. Karaa rakkinna fudhateetiin ka Abba'aaf dhugumaan ajajame Yesuus Ilma Waaqaa ka bara baraan jiraatu; Ilma Waaqaa waan te'eef raagota Gondooroo Qaraatiif, ergantoota Waaqaatii fi Muuse'eefuu ol aana'a. \ip 2. Yesuus ol aanaa hayyoota Gondooroo Qaraa, hayyicha bara baraa akka te'e Waaqinuu dubbateera. \ip 3. Dhugeeffataan karaa Yesuusiitiin cubbuu irraa, sodaa irraa fi du'a irraa fayya; Yesuus Hayyicha Guddaa akkuma te'ettuu fayyinni aadota dhugeeffanna'aa fi woreega hori'ii, ka dhugeeffannaa Ibrootaa keessatti akka gaaddiddu'uu ilaalamaa ture, dhugaamessa akka te'u godheera. \ip Barreessaan dhugeeffannaa worra dabarsii Israa'elii keessatti gurra qabuu foora 11 akka fakkeennaa itti fayyaddamiisaan worri dubbifatu dhugeeffannaa ifiitiin akka jabaatu yaadachiisa; akkasuma foora 12 irratti worri dubbifatu Yesuus irratti xiyyeeffatiisaan dhugeeffannaa ifiitiin akka jabaatuu fi rakkinnii fi farri te'e maraayyuu gewulle akka ossatu gorsa; muummee irratti jecha gorsaatii fi ifi eegganno'oo kenniisaan muummessa. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa: Waaqi Kiristoosiin mudhate\ior 1:1-3\ior* \io1 Kiristoos ergantoota Waaqaa caala\ior 1:4—2:18\ior* \io1 Kiristoos Muuse'ee fi Iyaasuu caala\ior 3:1—4:13\ior* \io1 Caaliisa hayyummaa Kiristoosii\ior 4:14—7:28\ior* \io1 Caaliisa gondooroo Kiristoosii\ior 8:1—9:22\ior* \io1 Caaliisa woreega te'iisa Kiristoosii\ior 9:23—10:39\ior* \io1 Guddoo te'iisa dhugeeffanna'aa\ior 11:1—12:29\ior* \io1 Waaqa gammachiisuu\ior 13:1-19\ior* \io1 Daadimata muummeffataa\ior 13:20-21\ior* \io1 Yaada buufataa\ior 13:22-25\ior* \c 1 \s1 Waaqi Karaa Ilma Ifiitiin Dubbate \p \v 1 Bara durii Waaqi karaa adda addaatiin, yennaa hedduu karaa raagotaatiin abbootii teennatti dubbateera. \v 2 Ammaa ammoo bara duubaa kanatti karaa Ilma ifii ka waan mara akka dhaalu godheetiin nutti dubbate; biyya lafaa duudiille isumaan dade. \v 3 Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki\f + \fr 1:3\fr*\fqa Akki: \fqa*\ft Adabi\ft*\f* isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe'e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba'atti midda Waaqa hunnaamessaa tee'eera. \s1 Ilmi Waaqaa Ergantoota Waaqaa Caala \p \v 4 Maqaan Waaqi isaaf kenne maqaa ergantoota Waaqaa ka caalu akkuma te'e, Ilmi Waaqaa ergantoota Waaqaa caala. \q1 \v 5 Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, \q2 «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera» \q2 yookiin eennuun, \q2 «Ani isaaf Abbaa hin te'a, \q2 innille Ilma naaf hin te'a» jedhee beeka? \q1 \v 6 Waaqi yennaa Ilma ifii angaficha gara biyya lafaa erge, \q2 «Ergantooti Waaqaa martinuu isaaf sagadanuu ti» jedhe. \q1 \v 7 Ammoo yennaa marroo ergantoota ifii dubbatu, \q2 «Ergantoota ifii qilleensa\f + \fr 1:7\fr*\fqa Qilleensa: \fqa*\ft Ayyaanota\ft*\f*, \q2 tajaajiltoota ifiille bobe'a ibiddaa hin godha» jedhe. \q1 \v 8 Marroo Ilmaa ammoo, \q2 «Ee Waaqa, barcumaan mootummaa keetii \q2 bara baraa haga bara baraa hin jiraata; \q2 mootummaa teetille sirri'itti hin bulchita. \q1 \v 9 Ati balchummaa jaalatee yakkaa jibbite; \q2 tanaaf Waaqi keeti si filatee, \q2 muudaa gammachiisuun hari'oota teeti caalaa si muude» jedhe. \q1 \v 10 Akkasuma, \q2 «Gootta'a, ati jalqabatti hundee lafaa hundeessite; \q2 ol gubbaan marti hujii harka keetii ti. \q1 \v 11 Isaan hin badan; \q2 ati ammoo hin jiraatta; \q2 isaan martinuu akka woya'aa hin dullooman. \q1 \v 12 Ati akka bullukko'oo isaan hin marta; \q2 isaaniille akka woya'aa hin jijjiiraman. \q2 Ati ammoo yennaa mara sanuma; \q2 woggooti keetille dhuma hin qabanu» jedhe. \q1 \v 13 Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, \q2 «Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii\f + \fr 1:13\fr*\fqa Miila keeti: \fqa*\ft Baallii teeti\ft*\f* jala godhutti \q2 midda kiyyatti tee'i!» jedhee beeka? \p \v 14 Maarre, ergantooti Waaqaa martinuu ayyaanota worra fayyu tajaajiliisaaf ergamanu, tajaajiltoota Waaqaatii motii ree? \c 2 \s1 Fayyinna Guddaa \p \v 1 Tanaaf nuuti waan dhageenne irraa fallaannee akka hin jinne, marroo waan dhageennee xiyyeeffannaa caalte kennuu qanna. \v 2 Dubbiin karaa ergantoota Waaqaatiin himante mirkanootteerti; nami dubbii tana irra taree fi nami isi'iif hin ajajanne maraa adaba isaaf male hin fudhata. \v 3 Nuuti fayyinna guddaa kanaaf xiyyeeffannaa yoo kennuu dhanne attamiin jalaa baana ree? Fayyinna kana ka dursee lasse Gootta'aayyu; worri isa irraa dhage'elle tanuma nu'uuf mirkaneesseera. \v 4 Waaqille beessisoota, baasota, bilbaasota adda addaa godhiisaa fi kennansa Ayyaana Woyyichaa ka akka fedha isaa qoodamaneen dhugaa baya ifii itti dabaleera. \s1 Sooressi Fayyinna Ilmaan Namaa Yesuus \p \v 5 Waaqi biyya lafaa ta dhuttu, ta amma nuuti marroo isi'ii dubbannuu tana akka ergantooti isaa bulchanuuf hin goone. \v 6 Barreeffama Woyyicha keessatti addee takkatti, \q1 «Ee Waaqa, akka isaaf yaadattuuf, \q2 nami maan inni? \q1 Yookiin akka kunuunsituuf, \q2 ilmi namaa maan inni? \q1 \v 7 Diqquma ergantoota Waaqaa isa hanqitte; \q2 kallacha ulfinnaatii fi guddinnaa itti keette\f + \fr 2:7\fr*\ft Barreeffami durii gariin, «Hujii harka keetii irralle'etti isa muudde» yaada jedhulle qaba\ft*\f*; \q2 \v 8 waan mara baallii ilma namaatiin jala goote» hin jedha. \m Waaqi waan mara baallii ilma namaatiin jala yennaa godhu, baallii isaatiin jala adoo hin godhin wonni inni hambure tokkolle hin jiru. Te'uu malee wonni mara baallii ilma namaatiin jala akka jiru ammaa tanalle nuuti hin dhaggine. \v 9 Amma ammoo ka yennaa diqqo'oof ergantoota Waaqaatiin jala te'ee ture, ka rakkinna du'aa waan fudhateef kallachi ulfinnaatii fi guddinni itti keyame, Yesuus hin dhaggina; inni badhaadha Waaqaatiin nu maraaf du'eera. \v 10 Waaqi wonni duudiin isaa fi isumaanuu dadame, ilmaan hedduu gara ulfinnaa fidiisaaf, sooressi fayyinna isaanii rakkinnaan guutuu akka te'u godhiis barbaachisaa te'e. \p \v 11 Ka kolbaa woyyoonsuu fi worri isaan woyyoomelle ilmaan abbaa tokkochaa ti; waan kanaaf Yesuus isaaniin, «Obboleeyyan tiyya» jedhee waamiisaaf hin fokkifatu. \v 12 Bareeffama Woyyicha keessalle'etti Waaqaan, \q1 «Maqaa keeti obboleeyyan tiyyatti hin lassa; \q2 wolde'a odduulle'etti faaru'uun si hin leellifadha» jedha. \m \v 13 Akkasuma, «Ani isatti hin addadha» jedha; ammalle, «Kunoo, anii fi ijoolleen Waaqi naaf kennelle as jirra» jedha. \p \v 14 Ijoolleen tun namoota foonii fi dhiiga qabanu akkuma te'ane, Yesuusille du'a ifiitiin, Seexana du'a irratti baallii qabu balleessiisaaf, akkuma isaanii nama te'e. \v 15 Akkasuma worra du'a sodaatiisaan bara ifii duudii garbummaa jala turelle bilisa baase. \v 16 Yesuus sanyii Abrahaamii qarqaariisaaf malee, ergantoota Waaqaa gargaariisaaf hin dhunne. \v 17 Tanaaf inni Waaqa tajaajiliisaan Hayyicha Guddaa addatama'aa fi mararticha te'ee, kolbaan araara cubbu'uu akka dhaggattuuf, waan maraan obboleeyyan ifii fakkaatiis isaaf barbaachise. \v 18 Inni ifiifuu ataabamee rakkinna waan fudhateeruuf, worra ataabamu qarqaariisaaf hin dande'a. \c 3 \s1 Yesuus Muusee Caala \p \v 1 Tanaaf dhugeeffattooti woyyoontanee, worra waamicha ol-gubba'aa qoodamu teetane, ka Waaqi ergee fi Hayyicha Guddaa dhugeeffannaa teennaa Yesuus yaadadha'a. \v 2 Muuseen mana Waaqaa mara keessatti addatamaa akkuma te'ee ture, Yesuusille Waaqa isa muudeef addatama'a. \v 3 Nami mana ijaaru mana san caalaa ulfinna akkuma qabu, Yesuusille, Muuse'een caalaa ulfinna dhaggatuu qaba. \v 4 Manni maraa namaan ijaarame; waan mara ka ijaare ammoo Waaqa. \v 5 Muuseen waan gara duraa jedhamu'uu maleef dhugaa bayiisaaf, akka tajaajilaa tokkootitti mana Waaqaa duudii keessatti addatamaa te'e. \v 6 Kiristoos ammoo mana Waaqaatitti akka ilmaatitti addatama'a. Nuutille waan itti addannuu fi addii ittiin koorru jabeessinee yoo qabanne mana isaa ti. \s1 Foora Kolbaa Waaqaa \p \v 7 Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi jedhu, \q1 «Adha, qoonqoo Waaqaa \q2 yoo dhageettane, \v 8 akkuma guyyaa ilaallacha'aa lafa goomolee keessatti Waaqa finqiltanee san \q2 mataa hin jabaatina'a! \q1 \v 9 Waaqi, ‹Abbootiin teessan achitti na ilaallatte; na wodhaantelle'e; \q2 woggaa afurtama waan ani godhelle dhaggite. \q1 \v 10 Tanaaf ani dhaloota sanitti aaree, \q2 gadhaan isaanii yennaa mara na irraa gora, \q2 isaan karaa kiyyalle hin beenne. \q1 \v 11 Maarre addee fooraa ta ani isaanii kennutti ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera› jedhe». \m \v 12 Obboleeyyan tiyya, isin keessaa eennulle gadhaa hama'aa fi hin dhugeeffanne, ka Waaqa jiraataa irraa garagalu akka hin qabaanne ifi eeggadha'a! \v 13 Ammoo eennulle isin keessaa cubbu'uun sobamee akka mataa hin jabaanne, yennaan «Adha» jedhantu tun adoo hin tarin guyyuma guyya'aan wol jajjabeessa'a! \v 14 Nuuti dhugeeffannaa teenna ta qara qannu haga muumme'eetitti jabeessinee yoo qabanne, worra Kiristoos woliin qooda qabaannu hin teena. \v 15 Tun akkuma Barreeffami Woyyichi, \q1 «Adha qoonqoo Waaqaa yoo dhageettane, \q2 akkuma yennaa finqilaa gootane san mataa hin jabaatina'a!» jedhu. \p \v 16 Worri qoonqoo Waaqaa dhage'ee finqile eennu fa'a? Worruma Muuse'een sooreffamee biyya Gibxiitii baye maraayyuu motii? \v 17 Waaqi woggaa afurtama eennufa'atti aare? Worruma cubbuu hujee, lafa goomole'ee keessatti reeffi isaa jigee badee motii? \v 18 Akkasuma worra hin ajajamin san yoo te'e malee, «Addee fooraa ta ani kennutti hin galtanu» jedhee ka itti kakate eennu fa'a? \v 19 Maarre worri itti galiisa dadhabe, dhugeeffatiisa dhabiisaan akka te'e dhaggina. \c 4 \p \v 1 Tanaaf addee fooraa ta inni nu'uuf kennutti galiisaaf waadaan galame ammalle waan banaa jiruuf, isin keessaa eennulle carraa itti galiisaa adoo hin dhaggatin akka hin hanne, kowa'a ifi eeggannaa! \v 2 Oduu Gammadaa tama akka nuuti dhageennee isaanille dhage'ane; te'uu malee isaan jecha dhage'ane san dhugeeffanna'aan waan hin fudhatiniif isaaniif wo hin baane. \v 3 Hujiin isaa haga biyyi lafaa dadanteen jalqaddee fixantulle, «Addee fooraa ta ani kennutti isaan ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera» akkuma jedhe, ammalle nuuti worri dhugeeffanne addee fooraa ta waaqi nu'uuf kennu sanitti hin galla. \v 4 Marroo guyyaa torbeesso'ootiif addee takkatti, «Waaqi hujii ifii duudii irraa guyyaa torbeesso'oo foorfate» jedhantee barreeffanteerti. \v 5 Ammalle adduma tanatti, «Addee fooraa ta ani kennutti ijjumaa hin galanu» jedha. \p \v 6 Addee fooraa sanitti worri galu gariin jira; worri Oduu Gammadaa dursee dhage'e sun ajajamiisa waan dhabeef addee fooraa ta Waaqi isaaf kennutti hin galle. \v 7 Tunille akkuma kanaan dura, \q1 «Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane; \q2 mataa hin jabaatina'a» jedhee, \m Waaqi bara heddu'uun duuba karaa Daawitiitiin dubbii dubbateen, guyyaan dhibiin ka, «Adha» jedhamee waamame waan murtoweef mirkanoweera. \p \v 8 Iyaasuun addee fooraa san adoo isaaniif kennee jiraate, Waaqi ammalle, «Adha» jedhaa marroo guyyaa biraa hin dubbatuuyyu. \v 9 Yoona kolbaa Waaqaatiif foorri foora guyyaa Sanbataa fakkaatu ammalle hafeera. \v 10 Akkuma Waaqi hujii ifii irraa foorfate, nami foora Waaqi kennutti galu huji ifii irraa hin foorfata. \v 11 Maarre eennulle akka worra sanii ajajamiisa dhabiisaan jigee akka hin hanne, kowa'a addee fooraa sanitti galiisaaf jabaannaa! \p \v 12 Jechi Waaqaa jiraata'aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura. \v 13 Dadi Waaqa duraa dhokattu takkaalle hin jirtu; wonni maraa fuula isaa duratti mulqama'aa fi qullaa te'ee mudhata; nuutille marroo teennaaf ka deebii kennuu qannu fuula isaa duratti te'a. \s1 Yesuus Hayyicha Guddaa Guddicha \p \v 14 Yoona Hayyicha Guddaa guddicha ka gara ol-gubba'aa dabare, Yesuusii Ilma Waaqaa waan qannuuf dhugeeffannaa teenna jabeessinee qabannuu ti. \v 15 Hayyichi Guddaan nuuti qannu ka dadhabbii teenna nu'uuf nayuu dande'u; inni waan maraan akkuma keenna ataabameera; te'uu malee ijjumaa cubbuu hin hunye. \v 16 Yoona yennaa qarqaarsi nu'uuf barbaachisetti akka marartii fudhannuu fi badhaadha dhaggannu, kowaa gara badhaadhi itti dhaggamu, gara barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa sodaa malee dhikaannaa. \c 5 \p \v 1 Hayyichi guddaan mara namoota keessaa filamee, haajaa Waaqa woliin woldeessisu irratti addee kolba'aa bu'ee kennansaa fi woreega cubbu'uu dhikeessiisaaf muudama. \v 2 Inni ifiifuu dadhabbii akkasii waan qabuuf, worra wollaala'aa fi worra karaa irraa bade gadhi-laafumma'aan ilaaliisaaf hin dande'a. \v 3 Inninuu dadhabbii waan qabuuf, akkuma cubbuu kolba'aatiif dhikeessu, cubbuu ifiitille'eef woreega dhikeessuu qaba. \v 4 Akkuma Aaronii ka Waaqaan waamame malee, eennulle ulfinna kana ifiin hin fudhatu. \v 5 Akkasuma Kiristoos ulfinna Hayyicha Guddaa te'iisaa ifiin hin fudhanne; ammoo Waaqa isaan, \q1 «Ati Ilma kiyya, \q2 ani adha si uumadheera!» jedhettuu ulfinna kana kenneef. \m \v 6 Addee dhibiille'etti, \q1 «Akkuma hayyummaa, \q2 Malkiisedeqii, \q2 ati haga bara baraa hayyu'u» hin jedha. \p \v 7 Yesuus biyya lafaa tana irra yennaa le'e, iyyansa gudda'aa fi imimmaaniin, daadimanna'aa fi gaaffii gara Waaqa du'a irraa isa fayyisiisaaf dande'uu dhikeesse; ifi gadi qabee waan ajajameef Waaqi daadimannaa isaa dhage'eef. \v 8 Ilma Waaqaa te'ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate. \v 9 Guutuu te'een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te'e. \v 10 Waaqi akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa godhee isa muude. \s1 Akka Dhugeeffannaa Hin Lakkinne Ifi Eeggachiisa \p \v 11 Marroo waan kanaa waan jennu waan hedduu qanna; ammoo hubatiisaaf waan rinciccanuuf\f + \fr 5:11\fr*\fqa Waan rinciccanuuf: \fqa*\ft Waan hubantii diqqoo qaddanuuf\ft*\f*, ifa tolchanee himuun rakkisa'a. \v 12 Yennaa kana barsiisota te'uu maltane; amma ammoo jecha Waaqaa barumsa jalqabaa nami biraa ammalle akka isin barsiisu barbaachisa; silaa sagalee jaddu'utti isinii male; ammoo ammalle aananitti isiniif barbaachisa. \v 13 Nami aananiin jiraatu annuu waan te'eef, barsiisa dansa'aa fi hamaa gargar baasiisaa hin baranne.\x - \xo 5:13 \xo*\xt 1 Qor. 3:2\xt*\x* \v 14 Sagaleen jadduun ammoo worra gugurdaa, worra dansa'aa fi hamaa gargar baasiisa barateeruuf barbaachitti. \c 6 \p \v 1 Yoona kowa'a barsiisa marroo Kiristoosiitiif kenname, ka jalqabaa lakkinnee gara barsiisa guutu'uu dabarra. Nuuti hundee hujii gara du'aa geessitu irraa deebi'iisaatii fi Waaqatti dhugeeffatiisaa, deebinee hin hundeessinu. \v 2 Akkasuma barsiisa marroo cuuphiisaa, marroo harka mataa namaa irra keyiisaa, marroo du'aa ka'iisaa, marroo muraa bara baraa deebinee hin hundeessinu. \v 3 Yoo Waaqi jedhe tana hin goona. \p \v 4 Worra dhugeeffannaa ifii mormate gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis attamiin dande'ama? Kanaan qaraa ifi isaaniif ifeera; kennansa ol-gubba'aalle dhandhamaneeran; Ayyaana Woyyicha wolille'een qoodamaneeran. \v 5 Dansummaa jecha Waaqaatii fi hunna bara dhufiisaaf jiruulle dhandhamaneeran. \v 6 Kanaan duuba yoo isaan dhugeeffannaa ifii mormatane, Ilma Waaqaa ifiifuu deebisanee waan fannisanuu fi waan ifaataan salphisanuuf, isaan gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis hin dande'amu. \p \v 7 Latti bokkeya isii irratti roobu yennaa hedduu untee, abbaa biqiltuu irratti dhaabeef bu'aa buuchu Waaqa irraa eebba hin dhaggatti. \v 8 Qore'ee fi qumi'uuduu yoo baache ammoo, gatii hin qaddu; yennaa gabaadduu keessatti hin abaaranti; duubi isi'iille ibiddaan gubatiisa. \p \v 9 Lansoota tiyya akkas dubbannulle, isin ejjannoo caaltuu ta fayyinna keessan isiniif fiddu irra jiraachuu keessan mirkaneeffanneerra. \v 10 Waaqi Waaqa sirri'itti muru; inni hujii teessanii fi jaalala isin kolbaa isaa gargaariisaan maqaa isaatiif mudhittanee fi ammalle gargaariisaan mudhisiisatti jirtanu hin dedhu. \v 11 Isin martinuu waan addi'iin eeggattanu haga harkaan qabattanutti, jabeenna keessan haga muumme'eetitti akka mudhittanu barbaanna. \v 12 Worra dhugeeffanna'aa fi ossatiisaan jabaatee, waan waadaan galameef dhaalu akka fakkaattanu barbaanna malee, worra rincicaa akka teetanu hin barbaannu. \s1 Waadaan Waaqaa Addachiisa'a \p \v 13 Waaqi, Abrahaamiif yennaa waadaa gale, ittiin kakatiisaaf ka isa caalu waan hin jirreef, ifiin kakatee, \v 14 «Ani dhugumaan si hin eebbisa, sanyii teetille hin fakkansa» jedhe. \v 15 Abrahaam ossataan eeggatee waan waadaan galameef dhaggate. \v 16 Namooti yennaa kakatanu maqaa nama isaan caaluutiin kakatan; dubbii ifiille kaku'uun jabeessiisaan, wol mormii isaan wodhakkaa jirtu maraa balleessan. \v 17 Waaqi akki yaada isaa ka hin jijjiiranne akka te'e irra caalaa ifa tolchee mudhisiisaaf barbaadee, worra waadaa galame dhaaluuf, waadaa ifii gale kaku'uun jabeesse. \v 18 Akkuma kanaan Waaqi waan lama ka hin jijjiirannee fi ka ittiin hin sonne addi'ii fi kakuu nu'uuf kenneera; karaa waan lama kanaatiin addii nu dura jirtu jabeessinee qabatiisa akka dandeennu, nu worri isatti baqanne jajjabeenna guddaa hin dhagganna. \v 19 Akka hookkoon sibiilaa, hoboloo guddittii\f + \fr 6:19\fr*\fqa Hoboloo guddittii: \fqa*\ft Markaba\ft*\f* qabee dhaabu, nuutille addii addatantu'uu fi jadduu ta lubbuun teenna qabattee dhaabbattu qanna; addiin tun golla'aan duuba dabartee gara addee woyyittii Galma Waaqaa ka ol-gubba'aa hin seenti. \v 20 Addeen sun addee Yesuus akka seera hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa bara baraa te'ee, nu'uuf nu'uun dura seeneeru. \c 7 \s1 Hayyicha Malkiisedeq \p \v 1 Malkiisedeqiin kun mootii Saalemiitii fi hayyicha Waaqa Ol Aana'aa ti; inni yennaa Abrahaam mootota injifatee deebi'u kara'atti wolde'ee isa eebbise. \v 2 Abrahaam waan duudii keessaa, kudhan keessaa tokko baasee kenneef; hiikkaan maqaa Malkiisedeqii tokkeessoon, «Mootii balchumma'aa ti», akkasuma «Mootii Saalemii» jechuun «Mootii nageyaa» jechu'u. \v 3 Malkiisedeq abbaa, haadha, yookiin hidda dhalootaa hin qabu\f + \fr 7:3\fr*\ft Malkiisedeq haadhaa fi abbaa isaa ka barreeffamaan beekkamane waan dhabaneef, barreessaan akka fakkeenna hayyummaa Yesuusii ta bara baraa godhanee itti fayyadameera\ft*\f*; barri jireenna isaalle jalqabaa fi dhuma hin qabu; akka Ilma Waaqaa haga bara baraa hayyuu te'ee jiraata. \p \v 4 Abbaan sanyii teennaa Abrahaam waan booji'e keessaa, kudhan keessaa tokko eega isaaf kenne, nami kun attam guddaa akka te'e ilaala'a! \v 5 Worri sanyii Lewwi'ii te'anee hujii hayyumma'aatitti ramadamanu, sanyii Abrahaamii te'anulle kolbaa ifii irraa jechuun obboleeyyan ifii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatanu seerrii hin ajaja. \v 6 Malkiisedeq ammoo sanyii Lewwi'ii te'uu dhabulle, Abrahaamii waadaan galameef irraa kudhan keessaa tokko fudhatee, isa eebbise. \v 7 Diqqaan gudda'aan eebbifamiis mama hin qabu. \v 8 Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko worri fudhatu worra du'a'a; karaa kaaniin ammoo kudhan keessaa tokko ka fudhatu, hayyicha jiraataa akka te'e ka dhugaan hinteef Malkiisedeq. \v 9 Lewwiin kudhan keessaa tokko fuudhuuyyu, yennaa san karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessaa tokko baaseera» jedhiisaaf hin dande'ama. \v 10 Sababille yennaa Malkiisedeq Abrahaamiin wolde'e, Lewwiin gudeeda Abrahaamii abbaa ifii keessa jiraayyu. \p \v 11 Karaa hayyummaa Lewwi'iitiin seerri kolba'aaf kenname; karaa hayyummaa Lewwootaa kanaan guutummaan adoo dhaggantee jiraatte, muudaa hayyummaa Aaronii adoo hin te'in, hayyichi biraa ka muudaa hayyummaa Malkiisedeqii qabu dhufiis sila hin barbaachisuuyyu. \v 12 Yennaa hayyummaan jijjiirantu seerrille jijjiiramuu qaba. \v 13 Goottaan keenna ka marroo isaatiif amma dubbatamu kun ka gosa dhibii keessaa ti; gosa tana keessaa addee ciinca'aa dhiyaatee nami tajaajileeru tokkolle hin jiru. \v 14 Goottaan keenna gosa Yihuda'aa keessaa dhalatiis ka beekkame; te'uu malee Muuseen yennaa marroo hayyootaa dubbate, waan gosa Yihuda'aa womaa hin dubbanne. \s1 Kiristoos Hayyicha Akka Malkiisedeqii ti \p \v 15 Hayyichi biraa ka akka Malkiisedeqii gaafa ka'u, wonni kun caalaa ifa teeti. \v 16 Inni karaa aada'aa fi seera sanyi'iitiin adoo hin te'in, karaa hunna jireenna isaa ka dhuma hin qanneetiin hayyuu te'e. \v 17 Marroo isaatiif barreeffama Woyyicha keessatti, \q1 «Akkuma hayyummaa \q2 Malkiisedeqii, \q2 ati haga bara baraa hayyuu hin teeta» \q2 jedhamee dhugaan bayameeraaf. \p \v 18 Ajaji duraa dadhaba'aa fi ka wo hin baane waan te'eef diigameera. \v 19 Seera Muuse'eetiin wonni tokkolle guutuu te'iisaaf hin dandeenne; amma ammoo addiin caaltuun ta ittiin gara Waaqaa dhikaannu nu'uuf kennanteerti. \p \v 20 Hayyummaan tun kakuu Waaqaatiin malee hin teene; worri duraan hayyoota te'ane kakuu malee te'ane. \v 21 Yesuus ammoo kakuu Waaqaatiin hayyuu te'e; marroo isaatiif Barreeffama Woyyicha keessatti, \q1 «Waaqi, ‹Ati haga bara baraa hayyu'u› jedhee kakateera, \q2 inni yaada ifii hin jijjiiratu» jedhantee barreeffanteerti. \m \v 22 Sababa kakuu tanaatiin Yesuus gondooroo caaltu'uuf wobii te'eera. \p \v 23 Hayyooti duraa hujii hayyummaa ifii akka itti hin fufne duuti waan dhooggituuf, laakkossi isaanii heddu'u. \v 24 Yesuus ammoo haga bara baraa waan jiraatuuf, hayyummaan isaa hin jijjiirantu. \v 25 Tanaaf inni isaaniif gaafatiisaaf yennaa duudii waan jiraatuuf, worra karaa isaatiin gara Waaqaa dhiyaatu ijjumaa fayyisiisaaf hin dande'a. \p \v 26 Yoona Hayyicha Guddaa: Woyyicha, ka komii hin qanne, qulqulluu, ka cubbaalleyyii irraa gargar baye, ka ol-gubba'aan irra ol aaneeru ka waan nu'uuf barbaachisu mara godhu nu'uuf barbaachisa. \v 27 Inni akka hayyoota gugurdoo dhibi'i, dursee cubbuu ifiitiif, achiin duuba cubbuu kolba'aatiif guyyuma guyya'aan woreega dhiyeessiis hin barbaachisuuf; yennaa ifi woreega tolchee dhikeesse, takkumaan yennaa maraaf muummesseera. \v 28 Seerri Muuse'ee worra dadhabaa hayyoota gugurdoo godhee muuda; jechi kaku'uu ka Seera Muuse'eetiin duuba dhufe ammoo, haga bara baraa guutuu ka te'e Ilma Waaqaa muudeera. \c 8 \s1 Yesuus Hayyicha Guddaa Gondooroo Haareyaa ti \p \v 1 Yoona waan dubbannu keessaa wonni guddaan, «Nuuti Hayyicha Guddaa ol-gubba'atti midda barcumaa mootummaa Waaqa ol-aana'aatitti te'eeru qanna» ka jedhu. \v 2 Inni addee woyyittii dunkaanii dhugittii teete, keessatti tajaajila; dunkaaniin tun harka namaatiin adoo hin te'in Gootta'aan dhaabbante. \v 3 Hayyooti gugurdoon martinuu, kennansaa fi woreega dhiyeessiisaaf muudaman; tanaaf hayyichi kun waan dhiyeessu qabaatiisa barbaachisa. \v 4 Akka seeraatitti hayyooti kennansa dhiyeessanu waan jiranuuf, inni adoo lafa tana irra jiraatelle'e hayyuu hin te'uuyyu. \v 5 Dunkaaniin hayyooti keessatti tajaajilanu tun, dunkaanii ol-gubbaa jirtuuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; yennaa Muuseen dunkaanii ijaarsaaf ka'e Waaqi, «Waan mara malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti tolchi!» jedheen. \v 6 Amma ammoo, gondooroon Yesuus wodhakkaa namaatii fi Waaqaa itti te'e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma Gondooroo Qaraa caaltu, tajaajilli isaaf kennamelle caala'a. \p \v 7 Gondooroon duraa ta komii hin qanne adoo teete, gondooroon lammeesso'oo sila hin barbaachittuuyyu. \v 8 Waaqi kolbaa ifii irratti balleessaa dhaggee, \q1 «‹Kunoo, guyyaan ani kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa woliin, \q2 gondooroo haareya gondooru hin dhufa› jedha Goottaan. \q1 \v 9 ‹Gondooroon tun, \q2 ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase, \q2 abbootii isaanii woliin gondooreetii moti; \q2 waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiniif, \q2 anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kennine› jedha Goottaan. \q1 \v 10 ‹Yennaa saniin duuba, \q2 kolbaa Israa'elii woliin gondooroon ani gondooru, \q2 Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya; \q2 gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa. \q1 Ani isaaniif Waaqa hin te'a; \q2 isaanille kolbaa tiyya hin te'an; \q2 ta jettu› jedha Goottaan. \q1 \v 11 ‹Nami tokkolle ollaa ifiitiin yookiin obboleessa ifiitiin, \q2 Goottaa beeki! Jedhee hin barsiisu; \q2 diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu na beekan. \q1 \v 12 Yakkaa isaaniille isaaniif hin araarama, \q2 cubbuu isaaniille haganaa achi hin qaabadhu› jedheera» jedhe. \p \v 13 Yoona Waaqi, «Gondooroo haareya» jedhee dubbatiisaan, gondooroo duraa dulloonseera jechu'u; wonni dulloomee fi moofoye maraa badiisa geyeera. \c 9 \s1 Waaqonfannaa Lafa Irraatii Fi Ol-Gubba'aa \p \v 1 Gondooroon duraa seera waaqonfanna'aatii fi Galma Waaqaa ka lafaa qaddi. \v 2 Dunkaaniin kolloo lama qaddu qopheeffanteertiiyyu. Kolloon balbalatti aantu ta wonni ifa irra keyanu, xarapheessa'aa fi daabboon Waaqa dura dhikaattu keessa jirtu, «Addee Woyyittii» jedhanti. \v 3 Gollaa lammeesso'ootiin gara duubaa addeen jirtu ta keessaa, «Addee Irra Caalaa Woyyittii» jedhanti. \v 4 Achi keessa addeen ciinca'aa, ta worqi'iin hujantee hixaanni irratti aarfamuu fi Saanduqi\f + \fr 9:4\fr*\fqa Saanduqi: \fqa*\ft Saaxiniin\ft*\f* Gondooro'oo ka worqi'iin gonfameeru jiran; Saanduqa Gondooro'oo tana keessa okkoteen worqi'iin hujanteertu ta sagaleen mannaa jedhantu keessa jirtu, uleen Aaronii ta lattee fi dhakaan baxxichi lamaan ka ajaji kudhan irratti barreeffame jiran. \v 5 Saanduqa Gondooro'oo irra dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu\f + \fr 9:5\fr*\fqa Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu: \fqa*\ft Dadi koola qaddu ta dhaggama Waaqaa bakka buutu.\ft*\f* ta ulfinnaa, ta qadaaddaa addee araarri cubbu'uu kennamuu, koola ifiitiin golliteertu jirti; amma ammoo marroo waan kana maraa tokko tokkoon dubbatiisaaf hin dandeennu. \p \v 6 Wonni mara akkasitti qopheeffameen duuba, hayyooti tajaajila ifii muummessiisaaf, yennaa mara gara kolloo dunkaani'ii ta balbalatti aantuu seenan. \v 7 Kolloo gara boro'oo Hayyicha Guddaa calla'atti seena; innille wogga'atti yennaa tokko callaa seena; inni cubbuu ifiitii fi cubbuu kolbaan wollaalaan huje maraaf, dhiiga dhikeessu adoo hin qabatin hin seenu. \v 8 Dunkaaniin qaraa haga jirtu karaan gara addee woyyittii woyyootaa geessu, ammalle akka hin banamin Ayyaanni Woyyichi akkasiin mudhisa. \v 9 Kunille fakkeenna yennaa ammaa ti; kenna'aa fi woreegaan akka kanaan dhikaatanu wodanaa nama waaqonfatuu qulqulleessiisaaf ijjumaa hin dande'anu. \v 10 Wonni kun mara marroo nyaataatii fi uni'ii, marroo aadaa ifi qulleessiisa adda addaa waan te'eef, seera foonii ka haga yennaan seera haareyaa dhuttutti huju. \p \v 11 Kiristoos ammoo waan dadansaa dhufaaruuf Hayyicha Guddaa te'ee mudhateera; dunkaaniin inni seene guddo'oo fi guutu'u; dunkaaniin tun ta harka namaatiin hin hujaminii fi ta dada tana keessaa hin te'in. \v 12 Kiristoos woreega dhikeessiisaaf dhiiga re'e'eetii fi dardaraa qabatee adoo hin te'in, takkumaan yennaa maraaf dhiiga ifii qabatee, addee woyyittii woyyoota seene; akkasiin wodama bara baraa akka dhagganu nu'uuf godhe. \v 13 Dhiigii re'e'eetii fi dardaraa, daadhaan goronsa ciinceffameelle namoota battowane irratti facaasuun, battummaa foon isaanii irraa isaan ka qulleessu yoo te'e, \v 14 dhiigi Kiristoosii ka karaa Ayyaana bara baraatiin, woreega fokkoo hin qanne godhee, Waaqaaf ifi dhikeesse, Waaqa jiraataa akka Waaqonsinuuf, hujii du'atti geessitu irraa attam attam irra caalaa wodanaa keenna qulleessa ree! \p \v 15 Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te'ee du'e. \v 16 Yoo dhaamati dhaalaa jiraate, du'a nama dhaamatuu san mirkaneeffatiis barbaachisa'a. \v 17 Dhaamati dhaalaa gaafa namichi dhaala kenne sun du'e callaa hujii irra oola malee, adoo inni jiruu hujii irra ooluu hin dande'u. \v 18 Tanaaf Gondooroon duraatuu dhiigaan malee hujii irra hin oolle. \v 19 Muuseen ajaja Seeraa tokko tokkoon kolbaa maraaf himeen duuba, dhiiga dardaraatii fi re'e'ee bisaan woliin fuudhee, baala muka hisoophiitii fi rifeensa hoole'ee diima'aan, Kitaaba Seeraatii fi kolbaa maratti fiffixaa, \v 20 «Dhiigi gondooro'oo ka akka eeggattanuuf Waaqi isin ajaje kana» jedhe. \v 21 Akkasuma dunkaani'ii fi meya waaqonfanna'aaf tajaajilu maratti diiga fiffixe. \v 22 Dhugumaan akka Seera Muuse'eetitti waan diqqoo malee, wonni maraa dhiigaan qulleeffama; adoo dhiigi hin dhangala'in araarri cubbu'uu hin jiru. \s1 Woreegamiis Kiristoosii Cubbuu Balleessa \p \v 23 Wonni fakkeenna waan ol-gubba'aa te'e mara, waan kana maraan qulloomiis barbaachisa'aayyu; wonni ol-gubbaa jiru maraa ammoo ifiifuu woreega kana caaluun qulleeffama. \v 24 Kiristoos Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame, ka fakkeenna dunkaanii dhugitti'ii te'e hin seenne; inni amma nu'uuf Waaqa duratti mudhatiisaaf jedhee ol-gubbaa seene. \v 25 Hayyichi guddichi Yihudootaa dhiiga ka isaa hin te'in qabatee, wogguma wogga'aan addee woyyittii Woyyoota seenaa ture; Kiristoos ammoo yennaa hedduu woreega godhee ifi dhikeessiisaaf hin seenne. \v 26 Adoo akkas te'ee, haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee, sila Kiristoos yennaa hedduu rakkinna fudhatiisa qabaayyu. Amma ammoo bara muumme'eetitti, ifi woreegiisaan cubbuu balleessiisaaf, takkumaan yennaa maraaf mudhateera. \v 27 Nami mara akka du'uu fi achiin duuba mura'aaf akka dhikaatu murtayeera. \v 28 Kiristoos cubbuu nama heddu'uu ba'atiisaaf yennaa takkaa woreegameera; ammalle cubbuu ba'atiisaaf adoo hin te'in, worra dharra'aan isa eeggatu fayyisiisaaf lammeessoo hin dhufa. \c 10 \p \v 1 Seerri waan dansaa dhufuuf gaaddiddu'u malee, akka akki isaa jiru ka dhuga'aatii moti; tanaaf wogguma wogga'aan yennaa mara woreega woreegamu worra gara Waaqaa dhikaatu guutuu godhiisaaf ijjumaa hin dande'u. \v 2 Adoo Seerri isaan guutuu godhiisaaf dande'ee jiraate, worri waaqonfatiisaaf dhikaatu karaa itti deddeebii hin qanneen cubbuu irraa waan qulqulloomuuf, wodanaa isaaniititti cubbuun isaanii waan hin dhage'anneef, sila woreega dhikeessiisa hin lakkisaniiyyu. \v 3 Woreegi kun marti ammoo wogguma wogga'aan ka isaan cubbuu ittiin qaabatanu. \v 4 Sababille dhiigi dardaraatii fi re'e'ee cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne. \p \v 5 Tanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yennaa dhufe, \q1 «Ati woreegaa fi kenna'atti hin gammanne, \q2 ammoo nafa naaf qopheessite. \q1 \v 6 Woreega ciinca'aatii fi, \q2 woreega cubbu'uuf woreegamutti ati hin gammanne. \q1 \v 7 Yennaa san ani, \q2 ‹Waaqa kiyya, Kitaaba Maramu keessatti \q2 akkuma marroo tiyyaaf barreeffante, \q2 ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera› jedhe» jedhee dubbate. \b \m \v 8 Seerri akka inni tana tolchuuf ajajulle, inni ammoo asiin olitti, «Ati woreegaa fi kennaa, woreega ciinca'aatii fi woreega cubbu'uu hin barbaanne, ittille hin gammanne» jedhe. \v 9 Itti dabaleelle, «Kunoo, ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera» jedhe; woreega lammeesso'oo addee buusiisaaf, woreega qaraa diige. \v 10 Akka fedhii Waaqaatitti, karaa foon\f + \fr 10:10 \fr*\fqa Foon: \fqa*\ft Kitaab Giriikii nafa jedha\ft*\f* Yesuus Kiristoosiitiin takkumaan yennaa maraaf woreega woreegameen woyyuu teeneerra. \p \v 11 Hayyichi mara guyyuma guyya'aan dhaabbatee tajaajila hayyumma'aa tajaajila; woreega cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne sanille yennaa mara dhikeessa. \v 12 Kiristoos ammoo woreega tokkocha yennaa maraaf te'u dhikeesseen duuba, midda Waaqaatitti tee'eera. \v 13 Yennaa sanii jalqabee diinoti isaa ejjata miila isaa akka te'anu eeggatiisatti jira. \v 14 Sababille inni worra woyyoome san woreega tokkochaan haga bara baraa guutuu akka te'u godheera. \p \v 15 Ayyaanni Woyyichille marroo waan kanaa dhugaa nu'uuf hin baya. Inni duraan dursee, \q1 \v 16 «Guyyooti sun yennaa geyane, \q2 gondooroon ani isaan woliin gondoorradhu, \q1 Seera kiyya gadhaa isaanii keessa hin keya, \q2 qalbii isaanii keessalle'etti hin barreessa ta jettu jedha Goottaan» jedhee dhugaa bayeef. \q1 \v 17 Itti dabaleelle, \q2 «Ani cubbu'uu fi jalluu isaanii deebi'ee hin qaabadhu» jedhe. \p \v 18 Eega kana araarri maraaf kenname, haganaa achi woreegi cubbu'uuf dhikeeffamu hin jiraatu. \s1 Kowa'a Gara Waaqaa Dhikaanna \p \v 19 Obboleeyyan tiyya, yoona dhiiga Yesuusiitiin addee woyyittii woyyootaa seeniisaaf ifi-addii dhagganneerra. \v 20 Nuuti karaa golla'aatiin, jechuun karaa haareyaa fi jiraataa inni foon ifiitiin nu'uuf baneen seenna. \v 21 Nuuti Hayyicha Guddaa mana Waaqaa irratti baallii qabu qanna. \v 22 Tanaaf wodanaa hamaa irraa akka qulloonnu yaada gadha'aa qulleeffannee, nafa keennalle bisaan qullichaan dhiqannee, gadhaa qajeela'aa fi dhugeeffannaa dhugittii qabannee, kowa'a gara Waaqaa dhikaannaa. \v 23 Waaqi waadaa nu'uuf gale addatamaa waan te'eef, addii dhugeeffannee dhugaa baanuuf tana, kowa'a adoo asii fi achi hin jedhin jabeessinee qabanna. \v 24 Jaalalaa fi hujii dansa'aan dammandhee akka leenuuf, kowa'a wolii yaadannaa. \v 25 Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa me lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta'aa akka dhikaate qaabataa waan kana irra caalaa godha'a. \p \v 26 Dhugaa beenneen duuba, beekaatuma cubbuu yoo hunye, haganaa achi woreegi cubbu'uuf dhikaatu hin jiru. \v 27 Amma ammoo, muraa sodaachisuu fi ibidda hamaa mormitoota Waaqaa nyaatu eeggatiisatti hafeera. \v 28 Nama Seera Muuse'eetiif ajajama dhabe, yoo nami lama yookiin nami sad itti dhugaa baye, marartii malee du'aan adabama. \v 29 Nami Ilma Waaqaa tuffate, ka dhiiga gondooro'oo ka ittiin balchoome shasheesse, ka Ayyaana badhaadhaa arrasse, adabama kana caalu attamiititti barbaachisaaf isinitti fakkaata? \v 30 Nuuti, «Haluu ka baasu ana, ani gatii malte deebisee hin kaffala», akkasuma, «Goottaan kolbaa ifiititti hin mura» ka jedhe eennu akka te'e hin beenna. \v 31 Harka Waaqa jiraata'aa seenuun akka malee sodaachisa'a. \p \v 32 Ifi isiniif ifeen duuba, guyyoota duri rakkinna fudhattanee wodhaantoo guddo'oon ossattane san qaabadha'a. \v 33 Yennaa tokko tokko nama duratti arraffantanee, farritaneertan; yennaa dhibii worra rakkinna akkasii fudhatu wolille'een rakkinna fudhattaneertan. \v 34 Isin karra caaltuu fi yennaa mara jiraattu akka qaddanu waan beettanuuf, worra hidhameef gadhaa laattane; yennaa karri teessan saamantulle gammadaan fudhattane. \v 35 Yoona ifi-addii Waaqatti qaddanu, ta gatii guddoo ittiin dhaggattanu san hin gatina'a! \v 36 Fedhii Waaqaa muummessitanee, waan Waaqi isiniif waadaa gale fudhatiisaaf ossataan eeggatiisa barbaachisa. \v 37 Sababille Barreeffam Woyyichi, \q1 «Yennaa diqqo'oon duuba, \q2 ka dhufu'uu male hin dhufa, \q2 hin turu; \q1 \v 38 Nami balchaan kiyya ammoo, \q2 dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata. \q1 Yoo duubatti sissiqe ammoo ani itti hin gammaddu» hin jedha.\x - \xo 10:38 \xo*\xt Ibr. 2:3-4\xt*\x* \m \v 39 Nuuti worra dhugeeffatee fayyu malee, worra gara duubaatitti sissiqee baduu moti. \c 11 \s1 Dhugeeffannaa \p \v 1 Dhugeeffannaa jechuun waan addi'iin eeggatamu tokko, «Dhuguma hin te'a» jedhanee fudhatiisa; waan ilaan hin dhaggine tokkolle akka waan dhaggamuutitti laakkowiisa. \v 2 Worri durii dhugeeffanna'aan Waaqa biraa fudhatama dhaggate. \v 3 Ol-gubba'aa fi biyyi lafaa jecha Waaqaatiin akka dadamane dhugeeffanna'aan hin hubanna; waan kanaaf wonni ilaan dhaggamu maraa waan ilaan hin dhaggine irraa akka hujame hin beenna. \p \v 4 Abeel dhugeeffanna'aan woreega ka Qaayinii caalu Waaqaaf dhikeesse; Waaqi woreega Abeelii gammadaan yennaa fudhate, Abeel dhugeeffanna'aan balchaa akka te'e dhugaa bayeef; Abeel du'ulle karaa dhugeeffanna'aatiin ammalle dubbatiisatti jira. \p \v 5 Heenoki akka duuti isa hin dhaqqanne dhugeeffanna'aan ol fudhatame; waan Waaqi isa fudhateef inni hin dhagganne; adoo hin fudhatamin dura akka inni Waaqa gammachiiseeru dhugaan bayameeraaf. \v 6 Dhugeeffanna'aan malee Waaqa gammachiisuun hin dande'amu; nami gara Waaqaa dhiyaatu, akka Waaqi jiruu fi worra isa barbaaduuf ka gatii kennu akka te'e dhugeeffatuu qaba. \p \v 7 Nohi marroo waan ilaan hin dhagginee yennaa Waaqi ifi eeggachiise, Waaqa sodaatee maatii ifii fayyisiisaaf hoboloo guddittii dhugeeffanna'aan huje. Sababa dhugeeffannaa isaatiif biyya lafaatitti yakkaan murante; innille balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggantu dhaale. \p \v 8 Abrahaam biyya ifiitii bayee, addee akka dhaalaa fudhatu akka dhaquuf yennaa waamame gara itti dhaqaaru beekuu dhabulle, dhaqiisaaf dhugeeffanna'aan ajajame. \v 9 Inni Yisihaqii fi Yaaqoobii isa woliin waadaa galame dhaalanu woliin, biyya waadaan galame keessa, akka ormaa dunkaanii keessa dhugeeffanna'aan le'e. \v 10 Inni qachaa guddaa hundee jabaa qabu, ka Waaqi akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare waan eeggataa tureef tana godhe. \p \v 11 Abrahaam guddoo dulloomulle, Saaraan ta deya hin qanne\f + \fr 11:11\fr*\fqa Ta deya hin qanne: \fqa*\ft Maseena\ft*\f* teetulle, Waaqi waadaa gale addatamaa akka te'e waan beekeeruuf, dhugeeffanna'aan hunna uumatiisaa dhaggate\f + \fr 11:11\fr*\ft Woraabbiin gariin, «Saaraan ka isi'iif waadaa gale addatamaa akka te'e waan beetteef dulloontee deya dhaddulle dhugeeffanna'aan hunna gadhaachottu dhaggatte» jedhe\ft*\f*. \v 12 Tanaaf Abrahaamii tokkocha akka nama du'eetitti laakkowamu irraa, finni akka urjii ol-gubba'aa fakkanuu fi akka maansa abbaayaa qarqaraa laakkossa hin qanne dhaggame. \p \v 13 Worri kun duudiin waadaa isaaniif galame adoo hin fudhatin dhugeeffanna'aan adoo jiranuu du'ane; ammoo fago'otti dhagganee, akka waan dhaggataneetitti gammadaan fudhatane. Lafa tana irralle'etti ormaa fi keessummoota akka te'ane beekaneeraniiyyu. \v 14 Worri akkas dubbatanu biyya ifii eegatiisatti akka jiranu mudhisan. \v 15 Biyya keessaa bayane san adoo yaadaa jiraatane itti deebi'iisaaf sila hin dande'aniiyyu. \v 16 Amma ammoo, isaan biyya san caalu ka ol-gubbaa jirtu dharra'an; tanaaf Waaqi qachaa guddaa waan isaaniif qopheesseeruuf, «Waaqa isaanii» jedhamee waamamiisaaf hin fokkifanne. \p \v 17 Abrahaam yennaa Waaqi isa haga ilaale, dhugeeffanna'aan Yishaaqi woreega godhee dhikeesse. Abrahaamiin waadaa fudhate sun ilma ifii tokkochuma san woreega godhee kenniisaaf qophoweeraayyu. \v 18 Ilmi isaalle ka Waaqi, «Sanyiin teeti Yisihaqiin waammanti» jedheen san. \v 19 Waaqi du'aa kaasiisaaf dandeettii akka qabu Abrahaam waan hubateeruuf, akka waan du'aa ka'eetitti deebi'ee Yisihaq dhagge. \v 20 Yisihaq waan gara duraa te'u yaadatee dhugeeffanna'aan Yaaqoobii fi Esaawu eebbise. \p \v 21 Yaaqoob yennaa du'a geye, qaccee borjoo ifiititti irkifatee Waaqaaf sagadaa, dhugeeffanna'aan ilmaan Yoseefii tokkuma tokkoon eebbise. \p \v 22 Yoseefille yennaa du'a geye, dhugeeffanna'aan kolbaan Israa'elii biyya Gibxii keessaa akka baatu dubbatee, lafee isaalle maan godhuu akka malane ajaja kenne. \p \v 23 Yennaa Muuseen dhalate, haatii fi abbaan isaa akka inni shaggicha te'e dhagganee, ajaja mootichaa adoo hin sodaatin ji'a sad dhugeeffanna'aan dhossane. \p \v 24 Muuseen yennaa guddate, dhugeeffanna'aan ilma intala Fara'oonii jedhamee waamamuu dide. \v 25 Inni yennaa gabaaddu'uuf gammada cubbu'uutiin gammadu'uun irra, kolbaa Waaqaa woliin rakkatuu filate. \v 26 Gatii gara duraa fudhatu waan ilaaleeruuf, marroo Masiihiitiif\f + \fr 11:26\fr*\fqa Masiihiitiif: \fqa*\ft Kiristoosiitiif\ft*\f* salphatuun, karra biyya Gibxiitiin irra, ta caaltu akka teete yaadate. \p \v 27 Inni dhugeeffanna'aan, mufii mootichaa adoo hin sodaatin biyya Gibxiitii baye; Waaqa ilaan hin dhagginelle akka waan dhaggeetitti te'ee yaada qabutti jabaate. \v 28 Ergamaan Waaqaa ka akka ilmaan angafoota ijjeesuuf ajajame, angafoota kolbaa Israa'elii akka hin ijjeenneef jedhee, dhugeeffanna'aan Jila Irra Dabaramaatii fi aadaa fixiisa dhiigaa godhe. \p \v 29 Kolbaan Israa'elii Abbaayaa Diintuu keessa, akkuma lafa goddu'uu dhugeeffanna'aan qaxxaamurte; worri Gibxii ammoo akkuma isaanii godhiisaaf wodhaanee liqinfame. \p \v 30 Worri Israa'elii dhugeeffanna'aan Yerikoo marsee, guyyaa torba irra naannoween duuba dalleenni dhaka'aa jige. \v 31 Sagaagaltittiin Rahaab jedhantu dootuu\f + \fr 11:31\fr*\fqa Dootuu: \fqa*\ft Miillammee\ft*\f* waan nageyaan fudhatteef, worra hin ajajane woliin du'iisa irraa dhugeeffanna'aan hatte. \p \v 32 Yoona tana caalaa maan jedhu ree? Marroo Giidewonii, Baaraaqii, Samsoonii, Yifta'aa, Daawitii, Saamu'eliitii fi raagotaa isinitti odeessiisaaf yennaan naa hin geettu. \v 33 Isaan dhugeeffanna'aan mootota injifatane; sirri'itti bulchane; waan waadaa galamelle fudhatane; afaan neenqaa cufane; \v 34 bobe'a ibiddaa dhaanfane; qara shallaaga'aa jalaa bayane; dadhabbii ifii irraa jajjabaatane; lolaan janna te'ane; loltoota ormaa ari'ane. \v 35 Dubartooti firoottan isaanii duraa du'anee, du'aa ka'ane, deebisanee fudhatane. Worri kuun ammoo du'aa ka'anee jiruu caalte dhaggatiisaaf, hiikkamuu didanee, farra dhaggane. \v 36 Worri kuun taphatamanee liche'een dhaanamanee, wodaroo sibiilaatiille'een hidhamanee, mana hidha'aatitti hidhamane. \v 37 Dhaka'aan tumamane; magaazi'iin addee lamatti baqaffamane; shallaaga'aan ijjeefamane; gogaa hoole'eetii fi re'e'ee uffatanee asii fi achi deemane; hiyyoommatanee, miidhamanee\f + \fr 11:37\fr*\fqa Miidhamanee: \fqa*\ft Ari'amanee\ft*\f*, akka malee tolfamane. \v 38 Biyyi lafaa isaaniif ta malte hin teene! Isaan akka worra baqatuu goomole'ee fi gaara, godaa fi boolla lafaa keessa olii gadi deemane. \p \v 39 Dhugeeffannaa isaan maraatiifuu dhugaan bayantulle, waadaa isaaniif galame ammalle hin fudhanne. \v 40 Waaqi waan caalu waan nu'uuf qopheesseeruuf, isaan nu woliin malee, qofuu guutuu te'iisaaf hin dande'anu. \c 12 \s1 Waaqi Abbaa Keenna \p \v 1 Maarre dhugaa baatota akka duumensaa adaala keenna naannessane kana mara waan qannuuf, kowa'a waan ba'aa nu irratti te'e maraa fi cubbuu nu'utti maxxante ifi irraa balleessinee, doggommii rukkee nu dura jirtuu ciniinnannee ossatiisaan rukkinna. \v 2 Nuuti jalqaba'aa fi muummessaa dhugeeffannaa teennaa ka te'e Yesuus ilaaliisaan rukkinna; inni waan gammadi fuula isaa dura jiruuf, salphinna fannoo irratti du'iisaa adoo woyitti hin laakkowin, rakkinnaa fi du'a fanno'oo ossatee midda barcumaa mootumma'aa ka Waaqaatitti tee'e. \p \v 3 Yoona akka hifattanee addii hin kutanne, mormii cubbaaleyyi'ii tana mara ka ossate Yesuus ilaala'a. \v 4 Isin cubbu'uun woliin wodhaantoo qabatiisaan haga dhiiga keessan dhangalaasiisaatitti haga ammaa hin falmanne. \v 5 Gorsa Waaqi akka ijoollee ifiititti isinitti dubbate deetaneertan; inni, \q1 «Ilma kiyya! Yennaa Goottaan sirreessiisaaf si xixu, \q2 akka kaso'ootitti hin ilaalin; \q2 yennaa inni si adabelle, \q2 gadhaa hin kutatin! \q1 \v 6 Sababille Goottaan nama jaalatu hin xixa; \q2 nama akka ilma ifiititti fudhatulle \q2 hin adaba» jedha. \m \v 7 Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi'ii ossadha'a! Ilmi abbaan hin adabane kam inni? \v 8 Adabbii ijoolleen fudhattu maraa isinille yoo hin fudhanne, isin baana\f + \fr 12:8\fr*\fqa Baana: \fqa*\ft Baana'a\ft*\f* malee ijoolle'ee moti. \v 9 Kana maleelle nuuti martinuu abbootii nu adabanu qanna; nuutille isaan hin ulfeessina. Akka jiru'uun leenuuf irra caalaa Abbaa keenna ka ayyaanaatiif ajajamu'uu mallee motii ree? \v 10 Abbootiin teenna yennaa diqqo'oof akkuma dansaa fakkaattee isaanitti mudhattetti nu adabane; Waaqi ammoo akka nuuti woyyummaa isaa qoodannuuf, bu'aa teennaaf nu adaba. \v 11 Adabbiin kennantu yennaa san ka nama gaddisiittu malee, ka nama gammachiittu hin fakkaatu; duuba ammoo worra itti barateef midhaan balchumma'aa ka nageyaan guutame hin buuchi. \s1 Gorsaa Fi Ifi Eeggachiisa \p \v 12 Tanaaf harka keessan ka isin irraa bu'ee fi jilba keessan ka dadhabe jabeessa'a! \v 13 Miilli keessan ka naafate akka fayyu malee akka adde'een hin kaane, miila keessaniif karaa qajeelfadha'a. \p \v 14 Nama maraa woliin nageyaan le'a! Woyyumma'aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma'aan le'iisaaf jabaadha'a. \v 15 Isin keessaa eennulle irraa badhaadhi Waaqaa akka hin dhidhanne, akkasuma hiddi hadhowaan isin keessatti latee akka isin hin rakkinnee fi worra hedduu akka hin xureessine ifi eeggadha'a. \v 16 Eennulle baalagee, yookiin akka Esaawuu sagalee yennaa takka'aatiif jedhee, angafummaa ifii gurguree ka Waaqa malee le'u te'ee, akka hin teene ifi eeggadha'a. \v 17 Duuba irra Esaawu eebba dhaggatiisaaf yennaa barbaade, akka dhooggame isinuu hin beettan; bowaa eebba dhaggatiisaaf barbaadatulle, waan huje irraa deebi'iisaaf carraa hin dhagganne. \p \v 18 Isin akka Israa'elootaa gara gaara Siina'aa ka harkaan qabamuu dande'uu, ka ibiddaan bobe'uu hin geenne; gara dukkanaa, gara dimmaa, gara bubbe'ee, \v 19 gara qoonqoo tultulla'aatii fi qoonqoon jechaan himantu dhage'antuu hin dhikaanne; worri jecha san dhage'ane akka jechi dhibiin dabalamee itti hin dhage'anne kadhatane. \v 20 Ajaji, «Bineensille gaara san yoo tuqe, dhaka'aan tumamee du'uu ti» jedhu waan isaanitti ulfaateef, ba'atiisaaf hin dandeenne. \v 21 Wonni achitti dhaggame akka malee sodaachisaa waan te'eef, Muuseenuu, «Ani sodaadhee holladhe» jedhe. \p \v 22 Isin ammoo gara gaara Xiyoonii dhikaattaneertan; Xiyoon qachaa Waaqa jiraata'aa ka teete Yerusaalemii ol-gubba'aa ti; isin gara ergantoota Waaqaa ta kuma heddu'utti laakkowantuu, ta gammadaan wolitti qabanteertuu dhikaattaneertan. \v 23 Gara Wolde'a worra maqaan isaanii ol-gubba'atti barreeffamee, ka angafoota ijoollee Waaqaa te'anee dhikaattaneertan. Gara Waaqa kolbaa duudi'itti muruutii fi lubbuu balchoole'ee ta guutuu teetee dhikaattaneertan. \v 24 Gara Yesuusii wodhakkicha gondooroo haareyaa te'ee, gara ka dhiiga Abeelii caalaa dubbatuutii fi dhiiga isaa ka fixamee dhikaattaneertan. \p \v 25 Ka dubbatiisatti jiru san akka hin didanne ifi eeggadha'a! Worri Waaqi biyya lafaa irratti dubbatuun didane jalaa bayiisa eega dadhabane, nuuti ka ol-gubbaa irraa nutti dubbatu yoo didanne attamiin jalaa baana ree! \v 26 Yennaa san qoonqoon isaa lafa tachooteerti; amma ammoo, «Ani ammalle yennaa tokko, lafa callaa adoo hin te'in, ol-gubbaalle hin tachoosa» jedhee waadaa galeera. \v 27 Jechi, «Ani ammalle yennaa tokko» jedhu kun, wonni hin tachoone jabaatee akka le'u, wonni tacho'u yookiin wonni dadame akka badu mudhisa. \v 28 Yoona nuuti mootummaa hin tachoone waan dhaalluuf kowa'a Waaqa galateeffanna; karaa inni itti gammaduun, ulfinnaa fi soda'aan kowa'a isa Waaqonfanna. \v 29 Sababille Waaqi keenna ibidda gubee balleessu. \c 13 \s1 Tajaajila Waaqa Gammachiisu \p \v 1 Yennaa mara akka obboleeyyanii wol jaaladha'a! \v 2 Keessummaa fudhattanee keessummeessiisa hin dedhina'a; sababille akkas godhiisaan namooti gariin adoo hin beekin ergantoota Waaqaa fudhatanee keessummeessaneeran. \v 3 Akka isaan woliin hidhantanee jirtanuutitti, worra hidhameeru yaadadha'a! Akka isaan woliin rakkatiisatti jirtanuutitti, worra rakkinna fudhatiisatti jiru yaadadha'a! \p \v 4 Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti. \v 5 Jaalala beese'ee irraa if qusadha'a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, «Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu» jedheera. \v 6 Maarre sodaa malee, \q1 «Goottaan gargaaraa kiyya, \q2 ani hin sodaadhu; \q2 nami maan na godhuu dande'a ree?» hin jenna. \p \v 7 Worra jecha Waaqaa isinitti dursee hime sooreyyii teessan qaabadha'a! Leetoo isaanii keessaa waan dhaggame ilaala'a, fakkeenna dhugeeffannaa isaaniille fudhadha'aatii hordofa'a. \v 8 Yesuus Kiristoos kaleelle, adhaalle, haga bara baraalle sanuma! \v 9 Barsiisa adda addaa, barsiisa orma te'e maraan hin booji'amina'a! Gadhaan keenna seera sagale'ee eeggatiisaan adoo hin te'in, badhaadha Waaqaatiin adoo jabaate dansa'a; worri seera sagale'ee eeggateeyyuu womaa hin dhagganne. \p \v 10 Nuuti addee ciincaan itti ciinceffamu qanna; te'uu malee worri dunkaanii Yihudootaa san keessa tajaajilu akka addee ciincaan itti ciinceffamu irraa nyaatuuf hin eeyyamamu. \v 11 Hayyichi guddichi Yihudootaa, dhiiga hori'ii ka araara cubbu'uu fidu qabatee addee woyyittii woyyootaa seena; foon horii sanii ammoo addee itti qubataneen alatti gubama. \v 12 Akkasuma Yesuus dhiiga ifiitiin kolbaa woyyoonsiisaaf, karra qachaa gudda'aatiin alatti rakkate. \v 13 Kowa'a nuutille addee quttumaatii baanee gara isaa dhandha; worra salphinna inni fudhatelle qoodannu teena. \v 14 Nuuti qachaa guddicha dhufu eeggatiisatti jirra malee, qachaa guddicha hin banne lafa tana irratti hin qannu. \v 15 Yoona, karaa Yesuusiitiin woreega galataa adoo gargar hin kutin, kowa'a Waaqaaf kennina. Kunille woreega galataa, ka afaan maqaa isaatiif dhugaa bawu irraa dhikaatu. \v 16 Waan dansaa godhiisaa fi waan qaddanu worra dhibi'iin geyiisa hin dedhina'a! Woreegi akkasii Waaqa hin gammachiisa. \p \v 17 Sooreyyii teessaniif ajajama'a; baallii isaaniitille'een jalatti bula'a; isaan baallii Waaqaan itti gaafatamanu waan qabanuuf, lubbuu teessan jabaatanee tissan; yoo isin isaaniif ajajantane, isaan kana gammadaan hujan; yoo akkas hin te'in, gaddaan hujan; kun isiniif dansa'aa moti. \p \v 18 Nu'uuf daadimadha'a; nuuti karaa maraan waan dansaa hujiisaaf halchaa waan qannuuf, wodanaa qulqulluu akka qannu beenneerra. \v 19 Irra caalaa akka ani dafee gara keessan deebi'ee dhufuuf akka daadimattanu, jabeessee isin kadhadha. \s1 Daadimata Muumme'ee \p \v 20 Waaqi Abbaan nageyaa, ka dhiiga gondooroo bara baraatiin, tissee hoole'ee guddicha, Goottaa keenna Yesuus du'aa kaase, \v 21 fedhii isaa akka muummessitanuuf waan dansaa maraan isin hidhachiisu; waan isa gammachiisulle, karaa Yesuus Kiristoosiitiin nu keessatti hujuu ti. Ulfinni haga bara baraa Yesuus Kiristoosiif te'u! Ameen. \s1 Nageya Dhaamiisa \p \v 22 Obboleeyyan tiyya! Ergaan ani isiniif barreesse tun gabaadduu waan teeteef, dubbii gorsaa tana ossataan akka fudhattanu jabeessee isin kadhadha. \v 23 Obboleessi keenna Ximootewoosille mana hidha'aatii akka hiikame akka beettanu fedha. Yoo inni dafee as dhufe, isa woliin dhufee isin dhagga. \v 24 Sooreyyii teessanii fi kolbaa Waaqaa maratti nageya naa hima'a! Obboleeyyan biyya Ixaaliya'aatii dhutte nageya isinitti dhaanti. \v 25 Badhaadhi Waaqaa isin mara woliin jiraatu! Ameen.