\id HAG - Guji Bible \ide UTF-8 \h Haagee Raagichaa \toc1 Kitaaba Haagee Raagichaa \toc2 Haagee Raagichaa \toc3 Hag. \mt1 Kitaaba Haagee Raagichaa \imt Seensa \ip Kitaaba Haagee raagichaa keessatti ergaan gaggabaadduun dhiyaatte tun, ergaa Mootiin Waan Maraa dhaloota Kiristoosiitiin duratti woggaa dhibba shanii fi diddamatti karaa Haagee raagichaatiin dabarse. Kolbaan addee itti baqate irraa deebitee, Yerusaalem keessa le'iisa haga jalqaddee woggoota diqqoo turanulle Galmi Waaqaa akkuma diigameen jiraayyu; tanaaf ergaan ergante akka sooreyyiin kolba'aa Galma Waaqaa haaressituuf, ta kakkaattu; kolbaan haareffamaa fi qulqullummaa ta qabaattu yoo teete, Mootiin Waan Maraa gara duraa nageyaa fi durummaa akka kennuuf dubbata. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Galmi Waaqaa Akka Deebi'ee Ijaaramuuf Ajaja Kenname\ior 1:1-15\ior* \io1 Ergaa Jajjabeessiisaatii Fi Addi'ii\ior 2:1-23\ior* \c 1 \s1 Galmi Waaqaa Akka Deebi'ee Ijaaramuuf Ajaja Kenname \p \v 1 Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a jayeesso'oo keessatti guyyaa qaraa, Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin, ilma She'altii'elii Zarubaabel ka biyya Yihuda'aa bulchuu fi ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha guddaa te'eeruuf dubbate. \p \v 2 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade Haage'een, «Kolbaan tun, ‹Yennaan Galmi Waaqaa deebi'ee ijaaramu hin geenne› jetti» jedhe. \v 3 Tanaaf Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin dubbatee, \v 4 «Kolbaa tiyya! Manni kiyya diigameeruun, isin ifiif mana keessan ka seefamee ijaarameeru keessa le'uun yenna'aa ree? \v 5 Me haala keessa jirtanu ilaala'a! \v 6 Bacaa facaafattanee, diqqaa galfattane; hin nyaattan, ammoo hin quuttanu; hin untan, ammoo dheebuu hin baatanu; woli irratti uffattan, ammoo boojjii hin baatanu; mindaan isin hujjanee dhaggattanulle akka waan subba urata qabu keessa keyanee ti. \v 7 Kun maaf akka isin irra geye ilaala'a! \v 8 Amma gara koobotaa ol baya'a; muka mura'aatii fida'a; Galma kiyya deebisa'aatii ijaara'a; anille itti hin gammada, ittille hin galateeffama. \p \v 9 «Isin bacaa galfanna jettanee yaadattane; ammoo diqqaa galfattane. Waan isin galfattane sanuu, ani afuufee balleesse. Ani maaf tana godhe seetan? Galmi kiyya diigameeruun, isin martinuu mana keessan ijaaratiisaaf olii gadi waan fiiddanuuf tun teete. \v 10 Tanaaf bokkeenni roobuu dhabee, lattille midhaan baasuu dhadde. \v 11 Ani lafa irratti, kooba irratti, midhaan irratti, muka woyni'ii irratti, muka ejersaa irratti, waan latti baattu duudii irratti, nama irratti, hori'ii fi waan harki keessan huje duudii irratti, oolaa fideera» jedhe. \s1 Kolbaan Mootii Waan Maraatiif Ajajante \p \v 12 Achiin duuba ilmi She'altii'elii Zarubaabelii fi ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun hayyichi guddaan, kolbaa boojuu irraa deebite duudii woliin jecha Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitii fi Haageen raagichi ka Mootii Waan Maraatiin ergameeru waan te'eef, ergaa karaa isaatiin erganteef ajajamane; kolbaalle Waaqa sodaatte. \v 13 Achiin duuba Haageen ergamaan Mootii Waan Maraa sun, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ani isin woliin jira› jedha» jedhee, ergaa Mootii Waan Maraa kolba'aaf dabarse. \v 14 Maarre Mootiin Waan Maraa ayyaana ilma She'altii'elii Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aatii fi ayyaana ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'aa, akkasuma ayyaana kolbaa boojuu irraa deebite duudi'ii kakkaase. Isaanille Galma Waaqa ifii, ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dadee ijaariisa jalqabane. \v 15 Kunille Daariyos mootii te'ee, woggaa lammeesso'oo ji'a jayeesso'oo keessatti, guyyaa diddamii arfeesso'ootitti te'e. \c 2 \s1 Ulfinna Galma Waaqaa Ka Haareyaa \p \v 1 Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a torbeesso'oo keessatti, guyyaa diddamii tokkeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin dubbatee, \v 2 «Ilma She'altii'elii Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aa, ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'aatii fi kolbaa boojuu irraa deebiteen, \v 3 ‹Isin keessaa ulfinna Galma Waaqaa ka durii nami dhaggeeru jiraa? Amma inni maan isinitti fakkaata ree? Inni akka waan ijjumaa hin jirree tokkootii motii? \v 4 Amma ammoo Zarubaabel, jabaadhu! Ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'a, jabaadhu! Kolbaan biyya keessa jirtanu marti, ani isin woliin waan jiruuf, jabaadha'aa ijaara'a!› jedhi. \v 5 Biyya Gibxi'iitii yennaa baatane, ‹Ani isin woliin hin jiraadha› jedhee, akkuma waadaa isinii gale, ammalle Ayyaanni kiyya isin woliin waan jiruuf hin sodaatina'a. \p \v 6 «Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Yennaa gabaadduu keessatti ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi lafa bisaan irra hin jirre ammalle hin tachoosa. \v 7 Gosa biyya adda addaa duudii hin tachoosa; karri isaanii duudiille akka as dhuttu hin godha; ani Galma Waaqaa kana ulfinnaan hin guuta. \v 8 Worqi'ii fi meetiin biyya lafaa duudiin tiyya. \v 9 Ulfinni Galma Waaqaa haareya kanaa ka durii hin caala; anille achitti kolbaa tiyyaaf nageya guutuu hin kenna› jedha» jedhii itti himi. \s1 Haageen Raagichi Hayyoota Gorse \p \v 10 Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a sagaleesso'oo keessatti guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa, karaa Haagee raagichaatiin ammalle dubbatee, \v 11 «Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Me waan seerri jedhu hayyoota gaafadha'a! \v 12 Nami tokko foon woyyoome\f + \fr 2:12 \fr*\fqa Foon woyyoome: \fqa*\ft Foon Waaqaaf kenname jechu'u.\ft*\f* addee ciinca'aa irraa fuudhee woya'aan maree yoo qabate, maraan sunille daabboo yookiin ittoo\f + \fr 2:12 \fr*\fqa Ittoo: \fqa*\ft Yookiin unata\ft*\f*, daadhii woyni'ii yookiin zayitii, yookiin sagalee dhibii yoo tuxxe, sagaleen tun duudiin tanaan hin woyyoontii?› jedha» jedhe. \p Hayyooti deebisanee, «Waawwo'o» jedhane. \v 13 Haageen ammalle, «Nami reeffa tuqiisaan battowe tokko, sagalee tana keessaa takkaa yoo tuqe, sagaleen tuqante sun hin battoottii?» jedhee isaan gaafate. \p Hayyootille, «Ee, hin battootti!» jedhanee deebisane. \p \v 14 Achiin duuba Haageen, «Kolbaan tun duudiin akkuma san; tanaaf hujii isaan hujjanuu fi wonni isaan addee ciinca'aa irratti dhiyeessanu ka battowe; tana Mootii Waan Maraatitti dubbate» jedhe. \s1 Mootiin Waan Maraa Eebbisiisaaf Waadaa Gale \p \v 15 Mootiin Waan Maraa, «Waan isin irratti te'e hin hubattanuu? Galma Waaqaa deebittanee ijaariisa adoo hin jalqabin dura, \v 16 midhaan kiiloo dhibba lama dhaggatiisaaf, gara tuulaa midhaanii dhaxxane, ammoo midhaan kiiloo dhibba tokko qofa dhaggatane; daadhii woyni'ii litirii dhibba tokko dhaggatiisaaf addee midhaan woyni'ii itti cunfanu dhaxxane, ammoo daadhii woyni'ii litirii afurtama qofa dhaggattane. \v 17 Ani isinii fi waan isin itti eloottane mara gugguufaa, dhukkuba midhaanii ka adda addaatii fi dhakaa bokkeyaatiin dhowe; isin ammoo ammalle cubbuu irraa hin deebine. \v 18 Ji'a sagaleesso'oo keessatti adha guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, guyyaa hundeen Galma Waaqaa hundeeffamee jalqaba'aatii me hubadha'a. \v 19 Midhaan sanyi'ii gootaraa keessa yoo hin jiraatin, muki woyni'ii, muki harru'uu, muki roomaaniitii fi muki ejersaa yoo haga ammaa midhaan hin buusin, ani guyyaa adhaatii jalqabee isin hin eebbisa» jedhe. \s1 Waadaa Mootiin Waan Maraa Zarubaabeliif Gale \p \v 20 Ji'uma san keessatti guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa yennaa lammeesso'oo Haage'etti dubbatee, \v 21 «Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aatiin, ‹Ani ol-gubba'aa fi lafa hin tachoosa; \v 22 barcumaa moototaa garagaggalcha; hunna mootummoota gosa biyya adda addaa hin balleessa; worra garreettaa fardaan harkifamu oofuu fi garreettaa isaanii garagaggalcha; fardoon isaanii hin dhumatti; abbootiin fardo'oolle wol hin ijjeetti; \v 23 Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, si tajaajilaa kiyya ilma She'atii'elii Zarubaabel filadhee akka chaappaa kiyya ka qube'ee si godhadha› jedha» jedhe.