\id HAB - Guji Bible \ide UTF-8 \h Anbaaqoomii Raagichaa \toc1 Kitaaba Anbaaqoomii Raagichaa \toc2 Anbaaqoomii Raagichaa \toc3 Anb. \mt1 Kitaaba Anbaaqoomii Raagichaa \imt Seensa \ip Dubbiin raagaa ta Anbaaqoomii tun dhaloota Kiristoosiitiin dura gara dhuma jaarraa torbeesso'ootitti dhutte. Anbaaqoom hunnaan bulchiisa kolbaa gadhi-jabeeyyii hunnaan nama irratti kaatu tanaatiin guddoo jeeqamee, «Worri gadhi-jabeeyyiin hunnaan nama irratti ka'u kun, worra isaan caalaa balchoota te'ane yennaa balleessanu maaf cadhittee ilaalta?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate (1:13). Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Ani waan mara yennaa tiyyatti huja; haga sanitti, balchaan dhugeeffannaa ifiitiin le'a» jedhe (2:4). Kutaa kitaaba kanaa keessaa ka hafe, marroo raaga badii gadhi-jabeeyyii hunnaan nama irratti kaatu irratti dhaqqabu'uu jirtuu ka himu yoo te'u, gara dhuma kitaaba kanaatitti, marroo guddinna Waaqaatii fi marroo dhugeeffannaa jadduu qabaatiisaa faaruu daadimatiisaatitti jira. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Iyyata Anbaaqoomiitii fi Deebii Mootiin Waan Maraa isaaf kenne\ior 1:1—2:4\ior* \io1 Badii worra Balchaa Hin te'inii\ior 2:5-20\ior* \io1 Daadimata Anbaaqoomii\ior 3:1-19\ior* \c 1 \p \v 1 Ergaan Mootiin Waan Maraa raagicha Anbaaqoomitti mudhise tana. \s1 Anbaaqoom Marroo Muraa Haqa Hin qannee Iyyate \p \v 2 «Ee, Mootii Waan Maraa! Qarqaarsa keeti gaafatiisaa fi marroo worra hunnaan nu bulchuu yoo sitti iyyadhu, ka nuu dhageettuu fi nu fayyittu yoom ree? \v 3 Maaf rakkoo akkasii akka dhaggu na goote? Dabi yennaa hujamu attam cadhittee ilaalta? Badi'ii fi hunnaan nama bulchanuun dhagga; wol dhabaa fi moromaan hin jiran. \v 4 Tanaaf seerri laashowee, muraan dhuga'aa ijjumaa dhabantee, hamaaleyyiin balchoota marsanee, muraan daddeerti» jedhe. \s1 Deebii Mootiin Waan Maraa Kenne \p \v 5 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Gosa biyya adda addaa ta adaala keessanii ilaala'a; waan dhaggitanu maratti maadeffadha'a; eennulle adoo isinitti himelle'ee, waan isin dhugeeffatuu hin dandeenne bara keessan keessatti ani hin huja. \v 6 Kunoo, ani worra Baabilonii gadhi-jabeeyyi'ii fi ariifataa, ka lafa worra dhibi'ii qabatiisaaf lafa duudii keessa yaa'anu hin kaasa. \v 7 Isaan worra nama sodaachisuu fi rifachiisu; isaan ulfinna ifiitiif ifumaaf seera baafatan. \p \v 8 «Fardoon isaanii qeeransa caalaa ariifatti; yayyii galgalaa caalaalle hin sodaachitti. Abbootiin fardo'oo ta isaanii, akka risaa waan nyaatu butatiisaaf irii gad xinniquu, fagoo irraa gulufaa hin dhufan. \p \v 9 «Loltooti isaanii marti hunnaan nama irratti ka'iisaaf dhufan; loltooti isaanii akka qilleensa goomole'ee gara duraa yaa'an. Boojuun isaaniille akka maansaa baca'a. \v 10 Isaan moototatti hin murgan; bulchitootalle hin tuffatan. Isaan kushee maratti kollaa, biyyee kushee san irratti tuulanee, isaan hin booji'an. \v 11 Achiin duuba worri yakkaameyyiin ka hunna ifii waaqota ifii godhatanu, akka qilleensaa haxowamanee taran» jedhe. \s1 Anbaaqoom Ammalle Mootii Waan Maraatitti Iyyate \p \v 12 «Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa woyyicha ka durii jalqaddee jirtu; ati ijjumaa hin duutu. Worri Baabilonii muraa teeti hujii irra akka oolchanuuf ramadde; ati rassaan keenna, akka isaan nu adabanuuf baallii isaaniif kennite. \v 13 Ilti teeti guddoo qulluu waan teeteef waan hantuu ilaaliisaaf hin dandeettu; ati wonni hantuun hujantuun dhaggaa hin ossitu. Maarre maaf worra maltoole'etti cadhi jettee ilaalta? Worri hamaaleyyiin worra isaan caalaa balchoota te'ane yennaa liqinsanu maaf cadhitta ree? \p \v 14 «Ati kolbaa akka qurxummii abbaayaa keessaatii fi akka dada abbaayaa keessaa ta sooressa malee munyuuxxuu gooteerta. \v 15 Worri Baabilonii akka qurxummii malxaqqo'oon qabanuu isaan qaban; caccoo ifiitille'een isaan harkisanee, waan itti kuufatanu keessatti wolitti qabatan. Caccoo ifii keessatti isaan waan qabataneef gammadanee ilillisan. \v 16 Tanaaf caccoo ifiitii fi waan ittiin kuufatanuun qananumma'aan waan le'anuuf, cacco'oof ciincaa dhikeessan; waan itti kuufatanuuf hixaana aarsan. \v 17 Isaan caccoo hargufuma hargufaa marartii malee gosa biyya adda addaa balleessaa le'anuutii ree?» jedhe. \c 2 \s1 Deebii Mootiin Waan Maraa Anbaaqoomiif Deebise \p \v 1 Ani xelleephoo tiyya irra hin dhaabbadha; dalleya qacha'aa ka dhaka'aa irralle'etti addee hin qabadha'a; waan Mootiin Waan Maraa naan jedhu, iyyata kiyyaaf deebii inni naa kennu hin eegadha. \p \v 2 Mootiin Waan Maraa naaf deebisee, «Wonni ani sitti mudhisu kaso'otti akka dubbifantu faara baxxicha irratti barreessi. \v 3 Sababille mudhiin tun yennaa itti muummottu eegatti; isiin marroo guyyaa muumme'ee dubbatti; isiin dharaa moti. Ta turtu fakkaattulle eegadhu. Dhugumaan hin dhutti; hin turtulle'e» jedhe. \v 4 Worra kooru ilaala'a; yaadi isaanii qajeela'aa moti; balchooleen ammoo dhugeeffannaa ifiitiin le'an. \s1 Jinnana Worra Balchaa Hin te'inii \p \v 5 Dhugumaan karri nama soddi; nami kooru foora hin qabu; akka boolla awwaalaa joljola'a; akka du'aa ijjumaa hin quufu; inni gosa biyya adda addaa mara ifiif wolitti qabata; kolbaa maralle hin booji'a. \v 6 Nami duudiin nama akkasii kanatti kollaa itti murgaa, «Ka waan keeti hin te'in tuulattu, meya hunnaan fudhatteen haga yoomii ifi duroonsita? \p \v 7 «Worri gatii si irraa qabu dedha sitti hin ka'uu? Isaan si hin sheephisiisanuu? Achiin duuba waan ati qaddu mara hin fudhatanuu? \v 8 Ati kolbaa gosa biyya adda addaa saantee, dhiiga kolbaa heddu'uu dhangalaattee, qachootaa fi waan isaan keessa jiru duudiille waan balleessiteef, worri hafe si hin saama. \p \v 9 «Nama bu'aa haqa hin te'iniin mana keeti ijaarrattee, balaa jalaa bayiisaaf addee ol jettetti mana ka hujattu si'iif aanne'e! \v 10 Ati mala dhoottee kolbaa hedduu ijjeesiisaan, mana keeti irratti salphinna fiddeerta; ifi irralle'etti cubbuu fiddeerta. \v 11 Tanaaf dhakaan dalleyaa dalleya irraa si'itti hin iyya; utubooti manaalle jalaa hin qaban. \p \v 12 «Nama dhiiga namaa dhangalaasiisaan qachaa ijaarrattu, yakkaalle'een qachaa guddicha ijaarrattu si'iif aanne'e! \v 13 Mootiin Waan Maraa waan mara ajaju, wonni nami hujatu ibiddaaf, wonni gosi biyya adda addaa itti eloottu waan bu'aa hin qanneef akka te'u hin goonee ree? \v 14 Akkuma abbaayaan bisaaniin guutantu, lattille ulfinna Waaqaa beekiisaan hin guutanti. \p \v 15 «Nama nafa namaa qullaa ilaaliisaaf jettee, mufii teeti akka daadhii woyni'ii jaddu'uu isaaf kennitee, haga inni machowutti ka isa obaattu siif aanne'e! \v 16 Atinuu untee machoottee hin gatantarta\f + \fr 2:16 \fr*\fqa Gatantarta: \fqa*\ft Yookiin tintimt.\ft*\f*; addee ulfinnaa salphinna hin uffatta. Mootiin Waan Maraa muduunuu adabbi'ii jadduu akka untu si hin godhee, ulfinna keeti gara salphinnaatitti hin jijjiira. \v 17 Ati dhiiga namaa dhangalaattee, biyyaa fi qachoota, waan isaan keessa jiranulle waan balleessiteef, hunnaan ka'iis ati Libaanosi irratti kaate sitti garagalati. Balleessaan ati bineensota balleessitelle si hin bararassiti. \p \v 18 «Bu'aan waaqa dharaa maan? Inni waan harka namaatiin bocomee hujame; dhara malee wo isa irraa hin dhaggamu; nami isa bocee huje waaqa dharaa ka woy hin dubbannetti addatiis isaa bu'aa maan qaba ree? \v 19 Waan muka irraa bocamee hujameen, ‹Dammaqi!› yookiin dhakaa lubbuu hin qanneen, ‹Ka'i!› ka jettu siif aanne'e! Inni si barsiisuu dande'aa? Kunoo, waaqi dharaa worqi'ii fi meeti'iin gonfameera; hafuuralle hin qabu. \p \v 20 «Mootiin Waan Maraa ammoo Galma woyyicha ifii keessa jira; latti duudiin fuula isaa duratti cadhittuu ti» hin jedhan. \c 3 \s1 Daadimata Anbaaqoomii \p \v 1 Daadimati Anbaaqoomii raagichaa ka faaru'uun dhikaate asii gad jira. \b \q1 \v 2 Ee Mootii Waan Maraa kiyya, \q2 hujii maade'ee ta ati hujje mara dhage'ee guddoo sodaadhe; \q2 ammalle bara keennatti hujii teeti ta durii ede'ii huji; \q2 bara kennalle'etti akka beekkantu godhi; \q2 yennaa aartulle nu mararfadhu. \q1 \v 3 Waaqi woyyichi biyya Temaanii, \q2 gaara Phaaraan irraa hin dhufa; \q2 Ulfinni isaa ol-gubbaa golleera; \q2 leellisi isaalle lafa guuteera. \q1 \v 4 Ifi ulfinna isaa akka ifa adu'uu ti; \q2 harka isaa ka hunni isaa keessa dhokatteertu keessaa \q2 balaqqeessi hin baya. \q1 \v 5 Balaan isa dura deema; \q2 dhukkubi nama fixu isa duubaan deema. \q1 \v 6 Yennaa inni dhaabbatu latti hin tachooti; \q2 yennaa inni isaan ilaalu \q2 gosi biyya adda addaa hin hollatti. \q1 Gaaroti durii durii hin sigigan; \q2 kooboti durii durii ta inni irra deemaa turelle \q2 gad hin lixan. \q1 Karaan inni irra deemu ammoo \q2 bara baraan jiraata. \q1 \v 7 Worri Itoophiya'aa\f + \fr 3:7 \fr*\fqa Worri Itoophiyaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Kuushan jedha.\ft*\f* rakkatuun, \q2 worri Miidiyaaniille hollatuun dhagge. \q1 \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, ati lagatti hin aartee? \q2 Yennaa fardoolee teeti yaabbattee, \q2 garreettaa fardaa ka injifachaa keetii irra teette, \q2 abbaaya'atti guddoo aarteetii? \q1 \v 9 Ati guubee\f + \fr 3:9 \fr*\fqa Guubee: \fqa*\ft Yookiin buube.\ft*\f* teeti qopheeffattee \q2 daaya keeti buqqifattee, \q2 lagaan lafa gargar tarsaatte. \q1 \v 10 Gaaroti si dhagganee hollatane; \q2 lolaan roobaa lafa haxowaa tare. \q1 Bisaan abbaaya'aa shookkisee, \q2 danbaliin isi'iille ol kaate. \q1 \v 11 Yennaa daaya keeti isaanitti calalaqee, \q2 eboon teeti isaanitti itte \q2 adu'uu fi jiin adduma jiranutti dhaabbatane. \q1 \v 12 Ati aari'iin lafa irra ideenta; \q2 aariille'een gosa biyya adda addaa hin dhidhiitta. \q1 \v 13 Ati kolbaa teeti fayyisiisaaf, \q2 ka muudame sanille fayyisiisaaf baate. \q1 Sooressa worra hamoole'ee butuchitee, \q2 hordofattoota isaalle balleessitee, \q2 mata'aa haga miilaatitti qullaa isa hamburte. \q1 \v 14 Akka hobonbolatti'ii nu bittinneessiisaaf ka dhufe, \q2 Yennaa loltooti isaa akka hobonbolatti'ii \q2 nu bittinneessiisaaf, \q2 hiyyeeyyii dhokataneeranu fixanee \q2 itti gammadiisaaf dhufane; \q2 ati woraanuma isaatiin sooressa isaanii woraante. \q1 \v 15 Yennaa ati fardoo teetiin abbaayaa dhidhiitte, \q2 abbaayaan raafante. \q1 \v 16 Ani waan kana duudii dhage'ee, roromme; \q2 qoonqoo tana irraa ta kaate hidhiin tiyya hollatte. \q1 Lafeen tiyya shante; \q2 miilli kiyyalle lelleqe. \b \q1 Te'uu malee yennaan worri nu miidhu \q2 adabamu haga dhuttu ossaan hin eegadha'a. \b \q1 \v 17 Muki harru'uu midhaan buusuu dhabulle, \q2 muki woyni'ii midhaan buusuu dhabulle, \q2 muki ejersaalle midhaan kennuu dhabulle, \q2 fichaan midhaan baasuu dhabulle, \q2 hooleen gooree keessaa dhabantulle duwwaa hattulle \q2 loon moonaa keessaa dhabamanulle, \q2 \v 18 tun marti teetulle \q2 ani Mootii Waan Maraatitti hin gammada; \q2 Waaqa fayyisaa kiyyatti gammadee firinxiixa. \b \q1 \v 19 Mootiin Waan Maraa Waaqi hunna tiyya. \q2 Inni miila kiyya akka miila gadansaa hin jabeessa; \q2 gaara irralle akka deemu na hin godha. \b \p Sooressitoota faarsitootaatiif: Meya ribu'uutiin ta faarfatantu.