\id GEN - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Seera Dadaa \toc1 Kitaaba Seera Dadaa \toc2 Kitaaba Seera Dadaa \toc3 Dad. \mt1 Kitaaba Seera Dadaa \imt Seensa \ip Kitaab seera dadaa marroo dadama biyya lafaa, marroo dhufa sanyii namaa, marroo jalqaba cubbu'uutii fi rakkinna biyya lafaa irraa, marroo wol qunnamtii Waaqi nama woliin qabuu dubbata. Seerri dadaa kutaa gugurdoo lamatti qoodamuu dande'a: \ip 1. Foorri 1-11: Marroo dadama biyya lafaatii fi marroo dabarsii ilmaan namaa ta durii dubbata; dabarsiin Addaamiitii fi Heewwanii, Qaayiniitii fi Abeelii, Nohiitii fi bisaan badi'ii, ta xelleephoo Baabiloniille kutaa kana keessa jiran. \ip 2. Foorri 12-50: kutaan kun marroo dabarsii abbootii Israa'elootaa ta durii dubbata; isaan keessaa ka qaraa dhugeeffannaa ifiitii fi ajajama Waaqaaf qabuun beekkamaa ka te'e Abrahaam. Achiin duuba dabarsii ilma isaa Yisihaqii, akaakoo isaa Yaaqoobiitii fi ilmaan Yaaqoobii kudhanii lama, ka hundee fira Israa'elii kudhanii lamaa te'anetti itti aana. Ijoollee Israa'elii kudhanii lama keessaa keessattuu Yoseef irratti, akkasuma Yaaqoobii fi haala ijoollee isaa dhibii ta gara biyya Gibxi'ii keessa le'iisaaf fide irratti xiyyeeffata. \ip Kitaab kun marroo dabarsii kolba'aa ka dubbatu te'ulle irra caalaa hujii Waaqi huje odeessa; dabarsii Waaqi dada mara dadeen jalqabee, waadaa Waaqi kolbaa ifiitiif yaaduu akka hin lakkinne mudhittuun fixa. Kitaaba kana keessa qacce'ee haga qacce'eetitti abbaan dabarsi'ii, ka worra dokonkora hujutti muruu fi adabu, ka kolbaa ifii sooressuu fi qarqaaru, ka dabarsii isaaniille miidhassu Waaqa. Kitaab durii kun dabarsii dhugeeffannaa kolba'aa galmeessiisaa fi dhugeeffannaan sun akka jiraattu godhiisaaf barreeffame. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Dadama dada maraatii fi sanyii namaa\ior 1:1—2:25\ior* \io1 Jalqaba cubbu'uutii fi rakko'oo\ior 3:1-24\ior* \io1 Addaam irraa kaasee haga Nohii\ior 4:1—5:32\ior* \io1 Nohii fi bisaan badi'ii\ior 6:1—10:32\ior* \io1 Xelleephoo Baabilonii\ior 11:1-9\ior* \io1 Seem irraa kaasee haga Abraamii\ior 11:10-32\ior* \io1 Abbootii: Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoob\ior 12:1—35:29\ior* \io1 Sanyii Esaawu'uu\ior 36:1-43\ior* \io1 Yoseefii fi obboleeyyan isaa\ior 37:1—45:28\ior* \io1 Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessatti\ior 46:1—50:26\ior* \c 1 \s1 Dabarsii Dadaa \p \v 1 Waaqi jalqaba ol-gubba'aa fi lafa dade. \v 2 Latti akka hin qadduuyyu; duwwaalle'e. Dukkanti qilee abbaaya'aa irra jirtiiyyu; Ayyaanni Waaqaalle bisaan irra tatacho'aa ture. \v 3 Achiin duuba Waaqi, «Ifi te'uu ti» jedhe. Ifille te'e. \v 4 Waaqi ifi dansaa akka te'e dhagge; inni ifa dukkana irraa gargar baase. \v 5 Waaqi ifaan «Guyyaa», dukkanaan «Halkan» jedhee maqaa baase. Kun guyyaa qaraa ti. \p \v 6 Waaqi, «Bisaan gad hafee fi bisaan ol hafe akka gargar baasu, gubbaan gombobbittiin teetuu ti» jedhe. \v 7 Maarre Waaqi gubbaa gombobbittii godhee, bisaan gubbaa gombobbittii tanaan gad jiru, bisaan gubbaa gombobbittii tanaan ol jiruun gargar baase. Akkasuma teete. \v 8 Waaqi gubbaa gombobbittii «Gubbaa» jedhee maqaa baase. Dhiite, bariitelle'e. Kun guyyaa lammeesso'oo ti. \p \v 9 Waaqi, «Latti godduun akka mudhattuuf, bisaan gubba'aan jala jiru wolitti dacha'uu ti» jedhe. Akkasuma teete. \v 10 Waaqi, lafa goddu'uun, «Lafa», bisaan wolitti dacha'een, «Abbaayaa» jedhee maqaa baase. Tunille dansaa akka teete dhagge. \p \v 11 Achiin duuba Waaqi, «Latti biqiltoota adda addaa: mukoota lafa irraa ka akkuma gosa ifiititti midhaan buusuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buusu, baachuu ti» jedhe. Akkasuma teete. \v 12 Maarre latti biqiltoota adda addaa: mukoota lafa irraa ka akkuma gosa ifiititti midhaan buusuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buusu baache; Waaqi tunille dansaa akka teete dhagge. \v 13 Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa sadeesso'oo ti. \p \v 14 Akkasuma Waaqi, «Guyya'aa fi halkan gargar baasiisaaf gubbaa irratti ifooti jiraatanuu ti! Isaan beessisa yenna'aa, beessisa bonaa-gannaatii fi wogga'aa, \v 15 ifoota gubba'aa te'anee lafa irratti ka ifa kennanu te'anuu ti» jedhe. Tunille akkasuma teete. \v 16 Waaqi ifa gugurdaa lama godhe; ifi guddichi guyyaa, ifi diqqayyichi halkan akka ifu godhe. Urjootalle dade. \v 17 Waaqi akka lafa irratti issanuuf gubbaa irra isaan keye. \v 18 Guyya'aa fi halkan irratti baallii akka isaan qabatanuuf, ifa dukkana irraa gargar akka baasanuuf inni achi isaan keye. Waaqi tunille dansaa akka teete dhagge. \v 19 Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa arfeesso'oo ti. \p \v 20 Achiin duuba Waaqi, «Bisaan lubbuu qabeeyyii adda addaatiin ka guutame te'uu ti; sinbirrootille lafaan gubbaa irra kaatuu ti» jedhe. \v 21 Maarre Waaqi bineensa gugurdaa abbaayaa keessaa, lubbuu qabeeyyii bisaan keessa le'anu mara, sinbirroota gosa adda addaa mara dade. Waaqi Tunille dansaa akka teete dhagge. \v 22 Waaqi, «Hora'aa heddadha'a; bisaan abbaaya'aa guuta'a; sinbirrootille lafa irra guuttuu ti» jedhee isaan eebbise. \v 23 Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa shaneesso'oo ti. \p \v 24 Achiin duuba Waaqi, «Latti, dada lubbuu qabanu, gosa adda addaa mara: horii, bineensota lafarra lowanu, bineensa gudda'aa fi diqqaa mara baattuu ti» jedhe. \v 25 Waaqi bineensota lafaa akka gosa isaaniititti, horii akka gosa isaaniititti, bineensota lafa irra lowanu mara akka gosa isaaniititti dade. Inni tunille dansaa akka teete dhagge. Tunille akkasuma teete. \p \v 26 Achiin duuba Waaqi, «Kowa'a, akka bifaa fi akka fakkeenna keennaatitti, nama dannaa ti. Nami qurxummii abbaaya'aa, sinbirroota, horii, bineensota lafa irraa maraa fi bineensota lafa irra lowanu mara irratti baallii qabaatuu ti» jedhe. \v 27 Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade. \v 28 Waaqi, «Hora'a, heddadha'a, lafa guuta'a, harkatti isii galfadha'a! Qurxummii abbaaya'aa irratti, sinbirroottan irratti, dada lafa irra munyuuqanu mara irratti baallii qabaatanuu ti» jedhee isaan eebbise. \v 29 Waaqi, «Ani biqiltuu midhaan buuttuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buuttu ta lafa irraa duudii akka nyaattanuuf isinii kenneera. \v 30 Akkasuma bineensa maraa fi sinbirroota qilleensaa maraaf, akka sagalee isaaniif te'u marraa fi biqiltuu baalaa isaaniif kenneera» jedhe; tunille akkasuma teete. \v 31 Waaqi waan huje mara ilaale; martinuu guddoo dansaa teete; latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa jayeesso'oo ti. \c 2 \p \v 1 Maarre ol-gubba'aa fi latti, wonni isaan keessa jiranu martille akka kanaan dadamanee muummeffamane. \v 2 Waaqi hujii huje mara hobbaasee, guyyaa torbeesso'oo foorfate. \v 3 Waaqi waan dade mara hobbaasee, guyyaa torbeesso'ootitti waan foorfateef, guyyaa torbeesso'oo san eebbise; woyyoonselle'e. \v 4 Kun dabarsii dadama ol-gubba'aa fi lafaa ti. \s1 Oorruu Edenii \p Yennaa Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa fi lafa dade, \v 5 inni lafa irratti bokkeya waan roobisiisee hin jirreef, nami lafa hujulle waan hin jirreef, biqiltuun lafa irra hin jirtuuyyu; wonni tokkolle lattee hin jirtu. \v 6 Teetuu malee, maddi lafa keessaa ol bayee lafa duudii obaasaa ture. \p \v 7 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi biyyee lafa irraa fuudhee, nama tolchee, hafuura jiru'uu funnaan isaatitti baafate; namille dada lubbuu qabaatee jiraatu te'e. \p \v 8 Mootiin Waan Maraa Waaqi karaa aduun baatu Edenitti oorruu dhaabe; nama dade sanille achi keessa keye. \v 9 Mootiin Waan Maraa Waaqi muka ilti namaa halchitu ka adda addaa, ka midhaan isaalle nyaatiisaaf dansaa te'e lafa keessaa lachisiise; muki midhaan isaa nyaatanee jiruu namaa kennu, muki dhibiin ka hantu'uu fi dansaa ittiin beekanulle addee oorru'uu san wodhakkaa jiraayyu. \p \v 10 Addee oorru'uu san obaasiisaaf Eden keessaa maddi burqe; maddi achii bayee, gargar qoodamee laga afur te'e. \v 11 Maqaan laga qaraa Phiishon; inni lafa Hawiila'aa duudii lafa worqiin jirtutti marsee yaa'a. \v 12 Worqiin lafa sanii dansa'a; uddowa'aa fi dhakaan gatii guddo'oolle achi jiran. \v 13 Maqaan laga lammeesso'oo Giihon; inni lafa Itoophiya'aa\f + \fr 2:13 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Kuushi\fqa*\ft jedha.\ft*\f* marsee yaa'a. \v 14 Maqaan laga sadeesso'oo Xeegros; innille qachaa Asoorii gara baya adu'uutiin yaa'a. Lagi arfeesso'oolle Efraaxiis jedhama. \p \v 15 Mootiin Waan Maraa Waaqi namicha fuudhee addee oorruu Edenii san akka hujuu fi akka eegu achi keessa keye. \v 16 Mootiin Waan Maraa Waaqi namicha ajajee, «Midhaan muka addee oorruu Edenii kana keessa jiranu mara irraa hin nyaatta; \v 17 midhaan muka nyaatanee hantu'uu fi dansaa ittiin beekanu san irraa ammoo hin nyaatin. Gaafa isa irraa nyaatte ammoo dhuguma hin duuta» jedhe. \p \v 18 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Namichi qofii ifii te'uun dansa'aa moti; ani waa'ela qarqaartuu isaa, isaaf hin dada» jedhe. \v 19 Mootiin Waan Maraa Waaqi biyyee irraa bineensotaa fi sinbirroota dadee, maan jedhee akka inni waamu ilaaliisaaf gara namichaa fide; wonni namichi dada lubbuu qabeeyyii ittiin waame duudiin maqaa te'eef. \v 20 Maarre namichi horii maraaf, sinbirroota maraaf, bineensota maraafille maqaa baase; namichaaf ammoo waa'elli qarqaaraan hin dhagganne. \v 21 Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi namichatti hirriiba hamaa buusee, adoo inni rafuu, cinaacha isaa keessaa tokkocha fuudhee, addee cinaachaa san fooniin cufe. \v 22 Mootiin Waan Maraa Waaqi cinaacha namicha keessaa fuudhe san irraa, namittii dadee, gara namichaa fide. \p \v 23 Achiin duuba namichi, \q1 «Amma reefuu, lafeen isi'ii lafee tiyya irraa, \q2 foon isi'ii foon kiyya irraa dhaggame; \q2 isiin namicha irraa waan dhagganteef, \q2 ‹Namittii› jedhantee waamantuu ti» jedhe. \m \v 24 Tanaaf nami abba'aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te'an. \p \v 25 Namichaa fi niitiin isaa lamaanuu qullaa jiraniiyyu, te'uu malee wol hin fokkifatanuuyyu. \c 3 \s1 Ajajamiisa Dhabuu Namaa \p \v 1 Bineensa Mootiin Waan Maraa Waaqi dade mara keessaa bofi irra caalaa malte'e. Inni namitti'iin, «Dhuguma Waaqi, ‹Mukoota oorruu tana keessa jiranu mara irraa hin nyaatina'a› isiniin jedheeraa?» jedhe. \p \v 2 Namittiin bofaan, «Nuuti mukoota addee oorru'uu tana keessa jiranu mara nyaatuu hin dandeenna; \v 3 ammoo muka addee oorru'uu wodhakkaa jiru qofa, Waaqi, ‹Midhaan isaa hin nyaatina'a, hin tuqinaalle'e! Kana yoo gootane hin duutan› jedheera» jette. \p \v 4 Bofi deebisee, «Hin duutanu. \v 5 Isin midhaan muka sanii yennaa nyaattane, ilti teessan akka banantu, hantu'uu fi dansaa beekiisaan akka Waaqaa akka teetanu, Waaqi waan beekuuf» jedheen. \p \v 6 Namittiin muki sun nyaatiisaaf dansaa, ilatti ka toluu fi ka nama qaroonsu akka te'e yennaa dhaggite, midhaan isaa fuutee nyaatte; dhirsa isi'ii ka isii woliin jirulle'eef kennite; innille nyaate. \v 7 Achiin duuba ilti lamaaniituu banantee, akka qullaa jiranulle beekane; tanaaf baala harru'uu wolitti hodhanee ifi gollatane. \p \v 8 Yennaa galgalootte namichii fi namittiin Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorru'uu keessa ideemuun qoonqoo isaa dhage'ane; isaan Mootii Waan Maraa Waaqa duraa mukoota addee oorru'uu san odduu dhokatane. \v 9 Mootiin Waan Maraa Waaqi ammoo namicha waamee, «Eessa jirta?» jedheen. \p \v 10 Namichille, «Ani addee oorru'uu keessatti qoonqoo teete dhage'ee, qullaa waan jiruuf, sodaadhee dhokadhe» jedheen. \p \v 11 Waaqi, «Qullaa akka jirtu eentu sitti hime? Midhaan muka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje san nyaattee?» jedheen. \p \v 12 Namichille deebisee, «Namittii akka na woliin leetuuf ati naaf kennitettuu midhaan muka sanii naaf kenne; anille nyaadhe» jedhe. \p \v 13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, namitti'iin, «Wonni ati goote kun maan inni?» jedhe. \p Namittiin, «Bofi na sobee jennaan nyaadhe» jette. \s1 Muraa Waaqi Kenne \p \v 14 Mootiin Waan Maraa Waaqi bofaan, \q1 «Kana waan gooteef, \q2 ati horii maraa fi \q2 bineensota mara keessaa ka abaarante hin teeta. \q1 Gadhaa keetiin lafa irra hin loota; \q2 bara jiruu teetii mara biyyee hin nyaatta. \q1 \v 15 Ani si'ii fi namittii tana oddu'utti, \q2 sanyii isi'iitii fi sanyii teeti oddu'utti \q2 diinummaa hin buusa. \q1 Sanyiin isi'ii sun mataa keeti hin butucha; \q2 atille jimuu isaa hin iddita» jedhe. \m \v 16 Namittiille'een, \q1 «Yennaa ulfoottutti gaargala sitti hin fakkansa; \q2 ciniinsu'uun ijoollee hin deetta. \q1 Tanuma keessa fedhii dhirsa keetii hin qabaatta; \q2 inni si irratti bulchaa hin te'a» jedhe. \p \v 17 Namichalle'een, «Ati dubbii niitii teetii waan dhageetteef, midhaan muka ani, ‹Hin nyaatin› jedhee si ajajelle waan nyaatteef, \q1 «Latti sababa keetiif ta abaarante hin teeti; \q2 atille bara jiruu teetii mara \q2 eloo guddo'oon irraa hin nyaatta. \q1 \v 18 Latti qore'ee fi qumi'uuduu si'iif hin baachi; \q2 atille biqiltuu badda'aa nyaatta. \q1 \v 19 Ati biyye'e, deebitee biyyee hin teeta. \q2 Biyyee irraa waan dadanteef, \q2 gara isi'ii haga deebitutti, \q2 danfitee eloottee sagalee teeti hin nyaatta» jedhe. \p \v 20 Namichi niitiin isaa haadha worra jiraata'aa waan teeteef, maqaa isi'ii «Heewwan\f + \fr 3:20 \fr*\fqa Heewwan: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Jiraattuu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhee baase; \v 21 Mootiin Waan Maraa Waaqi Addaamii fi niitii isaatiif gogaa irraa woyaa hujee itti uffise. \p \v 22 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Kunoo, nami hantu'uu fi dansaa beekiisaan nu keessaa akka tokkoo te'eera. Ammalle harka ifiitiin hiixatee midhaan muka jiru'uu fuudhee nyaatiisaan, haga bara baraa le'uu hin qabu!» jedhe. \v 23 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorruu Edenii keessaa isa baasee, lafa irraa dadame akka qotu godhe. \v 24 Waaqi nama baaseen duuba, eennulle gara muka jiru'uu akka hin dhikaanneef, addee oorruu Edenii maddii aduun baatuun ergantoota ifii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi shallaagaa akka ibiddaa bobe'u ka gara mara garagaggalu keye. \c 4 \s1 Qaayinii Fi Abeel \p \v 1 Namichi niitii ifii Heewwan bira geye; isiin ulfoottee ilma deette; «Ani qarqaarsa Waaqaatiin ilma tokko dhaggadheera» jettee maqaa isaa, «Qaayin\f + \fr 4:1 \fr*\fqa Qaayin: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin dhaggadhe \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» baache. \v 2 Ammalle obboleessa isaa «Abeel\f + \fr 4:2 \fr*\fqa Abeel: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin ka bu'aa hin qanne \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» deette. Abeel tissee hoole'ee te'ee, Qaayin ammoo qottuu lafaa te'e. \v 3 Gaafa tokko Qaayin midhaan lafaa irraa Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeesse; \v 4 Abeelille buruusota qara dhalatane keessaa qalee, cooma isaanii ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse; Mootiin Waan Maraa Abeelii fi kennansa isaatitti gammade. \v 5 Qaayinii fi kennansa isaatitti ammoo hin gammanne. Maarre Qaayin aaree bobe'ee, mataa buuse. \v 6 Yennaa san Mootiin Waan Maraa Qaayiniin, «Maaf aartee bobeette? Maaf mataa buutte? \v 7 Waan dansaa adoo hujjee jiraattee, fudhatama dhaggattaayyuu motii? Waan dansaa yoo hin hujin ammoo, cubbuun balbala teeti duratti dhokatteerti; ati ammoo isii injifatuu qadda!» jedhe. \p \v 8 Achiin duuba Qaayin obboleessa ifii Abeeliin, «Koy, gara diidaa baanaa» jedhe. Yennaa gara diidaa bayane, Qaayin obboleessa ifii Abeel irratti ka'ee ijjeese. \v 9 Yennaa san Mootiin Waan Maraa, «Obboleessi keeti Abeel eessa jira?» jedhee Qaayin gaafate; inni deebisee, «Ani hin beeku, obboleessa kiyya ka eegu anaa?» jedhe. \p \v 10 Mootiin Waan Maraalle Qaayiniin, «Wonni ati goote kun maan? Dhiigi obboleessa keetii lafa irraa gara kiyya iyyata. \v 11 Lafa dhiiga obboleessa keetii uniisaaf afaan bante irratti, amma ati abaarantee hin ari'anta. \v 12 Yennaa lafa qottu, latti midhaan sii hin baachu; biyya lafaa irra baqataa daaqaleessa hin teeta» jedhe. \p \v 13 Qaayin deebisee Mootii Waan Maraatiin, «Adabami kiyya ka ani ba'atuu dande'u caala. \v 14 Kunoo, ati adha lafa qotii irraa na ariiteerta; fuula keeti duraa dhokatuu qaba. Ani biyya lafaa irra baqataa daaqaleessa hin te'a; nami na dhagge martinuu na hin ijjeesa» jedhe. \p \v 15 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Akkasii moti. Nami tokko yoo si ijjeese, ani dachaa torba haluu isa hin baya» jedheen. Tanaaf Mootiin Waan Maraa nami Qaayin dhagge akka hin ijjeenneef, beessisa itti godhe. \v 16 Achiin duuba Qaayin Mootii Waan Maraa duraa bayee, addee oorruu Edeniitiin gara aduun baatu lafa, «Daaqiisa» jedhantu le'e. \s1 Sanyii Qaayinii \p \v 17 Qaayin niitii ifii bira geye; isiin ulfoottee ilma deette; maqaan isaalle, «Henok» jedhame; Qaayin qachaa tokko ijaaree, «Henok» jedhee maqaa ilma ifii itti baase. \v 18 Henok, Iraad uumate; Iraad, Mahuyaa'el uumate; Mahuyaa'el, Maatushaa'el uumate; Maatushaa'elille, Laamek uumate. \v 19 Laamek dubartoota lama fuudhe; maqaan takkatti'ii Aada'a, maqaan taanii Xiila'a. \v 20 Aadaan, Yaabaal deette; inni abbaa sanyii worra dunkaana keessa le'anee horii horsiisanee ti. \v 21 Maqaan obboleessa isaalle Yubaal; inni abbaa sanyii worra kiraara dhowaneetii fi suusullee afuufanee ti. \v 22 Xiilaan, Tubaal-Qaayin deette. Inni sibiilaa fi sageettuu irraa meya adda addaa mara huje\f + \fr 4:22 \fr*\fqa Inni sibiilaa fi sageettuu irraa meya adda addaa huje: \fqa*\ft Hiikkaan durii tokko, «Abbaa worra sibiila tumu maraa ti» jedha.\ft*\f*. Obboleettiin Tubaal-Qaayinii, Naa'ima'a. \p \v 23 Laamek niitota ifiitiin, \q1 «Ee Aada'a, ee Xiila'a! Na dhage'a'a; \q2 niitota Laamekii, waan ani jedhu dhage'a'a. \q1 Nami yoo na madeesse, \q2 dargaggeessi yoo na dirmammeesse ani hin ijjeesa. \q1 \v 24 Ka Qaayin ijjeesu dachaa torba haluu ka bayanu yoo te'e, \q2 ka na ijjeesu dachaa torbaatamii torba haluu bayan» jedhe. \s1 Sheetii Fi Enoshi \p \v 25 Addaam ammalle niitii ifii bira geye; isiille ilma deettee, «Nama Qaayin ijjeese, addee Abeelii Waaqi ilma naa kenne» jettee maqaa isaa, «Sheeti\f + \fr 4:25 \fr*\fqa Sheeti: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin \fqa*\fqa kenne \fqa*\ft jechu'u. \ft*\f*» jettee baatte. \v 26 Sheetille ilma uumate; innille maqaa isaa, «Enoshi» jedhee baase; namooti bara san maqaa Mootii Waan Maraa waammatiisa jalqabane. \c 5 \s1 Sanyii Addaamii \p \v 1 Tun dabarsii sanyii Addaamii ti. Waaqi yennaa ilmaan namaa dade, akka fakkeenna ifiititti isaan dade. \v 2 Dhiiraa fi dubartii dadee, eebbisee, «Nama» jedhee maqaa baase. \v 3 Addaam woggaa dhibbaa fi soddoma yennaa geye, ilma isa fakkaatu, ka bifa isaa qabu uumate; maqaa isaalle, «Sheeti» jedhee baase. \v 4 Sheeti dhalateen duuba, Addaam woggaa dhibba saddeeti le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. \v 5 Addaam wolumatti woggaa dhibba sagalii fi soddoma le'ee, achiin duuba du'e. \p \v 6 Sheeti dhalatee woggaa dhibbaa fi shanitti Enoshi uumate. \v 7 Enoshi dhalateen duuba, Sheeti woggaa dhibba saddeetii fi torba le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. \v 8 Sheeti wolumatti woggaa dhibba sagalii fi kudhanii lama le'ee, achiin duuba du'e. \p \v 9 Enoshi dhalatee woggaa sagaltamatti Qayinaan uumate. \v 10 Qayinaan dhalateen duuba, Enoshi woggaa dhibba saddeetii fi kudhanii shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. \v 11 Enoshi wolumatti woggaa dhibba sagalii fi shan le'ee, achiin duuba du'e. \p \v 12 Qayinaan dhalatee woggaa torbaatamatti Mahalalel uumate. \v 13 Mahalalel dhalateen duuba, Qayinaan woggaa dhibba saddeetii fi afurtama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. \v 14 Qayinaan wolumatti woggaa dhibba sagalii fi kudhan le'ee, achiin duuba du'e. \p \v 15 Mahalalel dhalatee woggaa jaatamii shanitti Yaared uumate. \v 16 Yaared dhalateen duuba, Mahalalel woggaa dhibba saddeetii fi soddoma le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. \v 17 Mahalalel wolumatti woggaa dhibba saddeetii fi sagaltamii shan le'ee, achiin duuba du'e. \p \v 18 Yaared dhalatee woggaa dhibba tokkoo fi jaatamii lamatti Henok uumate. \v 19 Henok dhalateen duuba, Yaared woggaa dhibba saddeeti le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. \v 20 Yaared wolumatti woggaa dhibba sagalii fi jaatamii lama le'ee, achiin duuba du'e. \p \v 21 Henok dhalatee woggaa jaatamii shanitti Matusaalaa uumate. \v 22 Matusaalaan dhalateen duuba, Henok woggaa dhibba sad Waaqa woliin le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. \v 23 Henok wolumatti woggaa dhibba sadii fi jaatamii shan le'e. \v 24 Henok bara jiruu ifii mara Waaqa woliin le'e; Waaqi waan isa fudhateef, inni achiin duuba hin dhagganne. \p \v 25 Matusaalaan dhalatee Woggaa dhibbaa fi saddeettamii torbatti Laamek uumate. \v 26 Laamek dhalateen duuba, Matusaalaan woggaa dhibba torbaa fi saddeettamii lama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. \v 27 Matusaalaan wolumatti woggaa dhibba sagalii fi jaatamii sagal le'ee, achii duuba du'e. \p \v 28 Laamek dhalatee woggaa dhibbaa fi saddeettamii lamatti ilma uumate; \v 29 Laamek, «Hujii nuuti lafa Waaqi abaare tana irratti hunyu, ta nuuti itti eloonnu irraa nu hin foorfachiisa» jedhee maqaa isaa, «Nohi\f + \fr 5:29 \fr*\fqa Nohi: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Foora \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» baase; \v 30 Nohi dhalateen duuba, Laamek woggaa dhibba shanii fi sagaltamii shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. \v 31 Laamek wolumatti woggaa dhibba torbaa fi torbaatamii torba le'ee, achiin duuba du'e. \p \v 32 Nohi dhalatee woggaa dhibba shaniin duuba Seem, Kaamii fi Yaafet uumate. \c 6 \s1 Hammeenna Hamootaa \p \v 1 Yennaa namooti biyya lafaa irratti heddatuu jalqabanetti, ijoolleen durraalle isaaniif dhalatane. \v 2 Worri «Ilmaan Waaqaa\f + \fr 6:2 \fr*\fqa Ilmaan Waaqaa: \fqa*\ft Worri, «Ilmaan Waaqaa» jedhamane kun dada ol-gubba'aa yookiin sanyii Seetii yookiin bara san moototi ifiin, «Ilmaan Waaqaa» waan jedhanuuf, mootota gugurdoo te'uu dande'an.\ft*\f*» jedhamanu ijoolleen durraa sun dadansaa akka teete yennaa dhaggane, isaan keessaa akkuma filatanetti niitii fuudhane. \v 3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Namooti ka du'anu waan te'aneef, Ayyaanni Kiyya ka jiruu kennu isaan woliin haga bara baraa hin le'u; isaan woggaa dhibbaa fi diddama qofa le'an» jedhe. \p \v 4 Bara sanii fi bara saniin duuba, ijoolleen durraa ta namaatii fi worri, «Ilmaan Waaqaa» jedhamanu wolitti makamaneen worri dhalatane worri bineeyyiin\f + \fr 6:4 \fr*\fqa Bineeyyiin: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Nefiliim \fqa*\ft jedha.\ft*\f* jiraniiyyu; isaan bara durii namoota janna hunnaan nama caalanuu fi worra beekkamane. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa hammeenni namaa lafa irratti attam akka bacate, yaadi isaanii yennaa mara marroo hammeennaa akka te'e dhagge. \v 6 Mootiin Waan Maraa lafa irratti nama daduu isaatitti gaddee, guddoo gaabbe. \v 7 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Isaan daduu kiyyatti waan gaddeef, namoota, horii, bineensota, waan lafa irra munyuuquu fi sinbirroota lafa irraa haxowee hin balleessa» jedhe. \v 8 Nohi ammoo Mootii Waan Maraa duratti fudhatama dhaggate. \s1 Nohi \p \v 9 Nohi dhaloota san keessatti nama balchaa, ka komii hin qannee fi ka Waaqa woliin ideeme. \v 10 Ilmaan Nohi uumate sadiin Sheem, Kaamii fi Yaafet. \p \v 11 Yennaa san kolbaan lafa irraa duudiin Waaqa duratti hamoolee teete; lattille hunnaan wolitti ka'iisaan guutante. \v 12 Waaqi biyya lafaa ilaalee, kolbaan marti hammeennaan akka le'iisatti jirtu dhagge. \p \v 13 Waaqi Nohiin, «Latti hunnaan wolitti ka'iisaan waan guutanteef, ani isaan mara lafa irraa balleessiisaaf murteeffadheera. \v 14 Ati muka dansaa irraa hoboloo guddittii huji; keessa isi'iititti kolloo kolloo baasi! Keessaa fi duuballe'een leyyaa lafa keessaa dhaggamuun duuchi! \v 15 Dheerinna isi'ii meetira dhibba tokkoo fi soddomii sad, badhinna isi'ii meetira diddamii lama, hojjaa meetira kudhanii sad godhi. \v 16 Hoboloo guddittii san heellichoo itti godhi; heellichoo oddu'utti saantimeetira afurtamii afur addee duwwaa lakkisi; cinaa irratti balbala godhi. Hoboloo san hojjaa isi'ii jala, jiddu'uu fi gubbaa tolchii addee saditti gargar qoodi! \v 17 Ani kunoo, gubba'aan jalatti waan lubbuu qabu mara lafa irraa balleessiisaaf, bisaan badi'ii hin fida; wonni lafa irratti lubbuu qabu marti hin bada. \v 18 Ani ammoo si woliin gondooroo hin gondooradha; atii fi niitiin teeti, ilmaan teetii fi niitoleen ilmaan teetii gara hoboloo gudditti'ii seena'a. \v 19 Waan lubbuu qabu maralle, si woliin jiru'uun akka jiraatanu, gosuma gosa keessaa, lama lama tolchii, kormaa fi dhalaa gara hoboloo guddittii sanii seensisi. \v 20 Sinbirroota akkuma gosa gosa isaaniitiin, horii akkuma gosa gosa isaaniitiin, wonni lafa irra lowu akkuma gosa gosa isaaniitiin, gosi martinuu lama lama te'anee, jiru'uun jiraatiisaaf gara keeti dhufanuu ti. \v 21 Ammalle sagalee adda addaa ta atii fi wonni lubbuu qabanu kun marti nyaattanu hoboloo guddittii keessatti tuuli» jedhe. \v 22 Nohi akkuma Waaqi isa ajajetti kana mara huje. \c 7 \s1 Bisaan Badi'ii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Nohiin, «Dhaloota kana keessaa ati callaan balchaa akka teete waan dhaggeef, atii fi maatiin teeti gara hoboloo guddittii tanaa seena'a. \v 2 Hori'ii fi bineensa qulqulluu te'ane mara keessaa korma torba torbaa fi dhalaa torba torba, ka qulqulluu hin te'in mara keessalle'ee korma tokko tokkoo fi dhalaa tokko tokko fuudhiitii gara hoboloo gudditti'ii galchi. \v 3 Sinbirrootalle gosuma gosa isaanii keessaa korma torba torbaa fi dhalaa torba torba lafa irratti gosi isaanii akka jiru'uun jiraatanu hobolo'otti galchi. \v 4 Ani guyyaa torbaan duuba guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bokkeenni akka roobu godha; dada lubbuu qabu ka ani dade mara lafa irraa haxowee balleessa!» jedhe. \v 5 Nohille kana mara akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe. \p \v 6 Yennaa bisaan badi'ii lafatti dhufe san, Nohi nama woggaa dhibba jaa ti. \v 7 Bisaan badi'ii jalaa bayiisaaf Nohii fi niitiin isaa, ilmaan isaatii fi niitoleen isaanii gara hoboloo gudditti'ii seenane. \v 8 Hori'ii fi bineensi qulqulluu te'anee fi qulqulluu hin te'in, sinbirrootille, wonni lafa irra lowulle martinuu, \v 9 lama lama, kormaa fi dhalaan, akka Waaqi ajajetti, gara Nohii dhufanee woliin hoboloo guddittii san seenane. \v 10 Guyyaa torbaan duuba bisaan badi'ii dhufe. \p \v 11 Kunille bara jiruu Nohii woggaa dhibba jayeesso'oo, ji'a lammeesso'oo, ji'a san keessa guyyaa kudhanii torbeesso'oo te'e; gaafas burqituun golba qile'ee gugurdoon dho'anee, foddaan gubba'aa banante. \v 12 Bokkeenni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bu'e. \v 13 Guyyuma jedhame san Nohi, niitiin Nohii, ilmaan isaa Seem, Kaam, Yaafetille, niitoleen ilmaan isaa sadiinuu, isa woliin hoboloo guddittii san seenane. \v 14 Bineensoti gosa adda addaa, horiin gosa adda addaa marti, wonni lafa irra lowanu marti, sinbirrooti gosa adda addaa marti, dadi koolaan ka'anu marti, \v 15 dadi hafuura jiru'uu ifi keessaa qaddu marti lama lama te'anee Nohi woliin gara hoboloo guddittii sanii seenane. \v 16 Worri seenanelle, akkuma Waaqi isa ajajetti, kormaa fi dhalaa dada maraatiiyyu; achiin duuba Waaqi balbala hobolo'oo itti cufe. \p \v 17 Bisaan badi'ii guyyaa afurtama lafa irratti roobuma roobee, lafa irra guutee, hoboloon lafa irraa ol kaate. \v 18 Bisaan lafa irraa guddoo ol ka'ee, hoboloon guddittiin sun bisaan irra deente. \v 19 Bisaan lafa irraa guddoo ol ka'ee, gaarota ol dhedheeraa gubba'aan jala jiranu mara dhosse. \v 20 Bisaan qaccee gaara irraayyuu gara meetira torbaa dabaree dhosse. \v 21 Wonni lubbuu qabaa, dadi lafa irra munyuuqanu martinuu, sinbirrooti, horiin, bineensi, nami martinuu du'ane. \v 22 Wonni lafa irra le'u ka hafuura baafatu marti du'e. \v 23 Waaqi waan dadamee lafa irra le'u, nama, horii, waan lafa irra lowanuu fi sinbirroota haxowee balleesse; isaan lafa irraa haxowamanee badane. Nohii fi waan isa woliin hoboloo guddittii keessa jiru qofattuu hafe. \v 24 Bisaan guyyaa dhibbaa fi shantama gad hin dhidhanne. \c 8 \s1 Bisaan Gad Dhidhate \p \v 1 Waaqi ammoo Nohi, hori'ii fi bineensota isa woliin hoboloo guddittii keessa jiranu mara qaabate; inni qilleensa lafa irratti buuse; Bisaanille gad dhidhatuu jalqabe. \v 2 Burqituun golba qile'eetii fi balbalti gubba'aalle cufante; bokkeenni gubba'aalle caamee, \v 3 bisaan laana laana gad dhidhatuu jalqabe. Guyyaa dhibbaa fi shantamaan duuba lafa irraa dhidhate. \v 4 Hoboloon guddittiin sun ji'a torbeesso'oo keessa, guyyaa kudhanii torbeesso'oo, gaara Araaraatii gubbaa dhuttee teette. \v 5 Bisaan haga ji'a kudhaneesso'oo dhidhataatuma deeme; ji'a kudhaneesso'oo keessa guyyaa qaraa, qacceen gaarotaa mudhatte. \p \v 6 Guyyaa afurtamaan duuba Nohi qowa hobolo'otti baaseeru san banee, \v 7 harraaqessa erge; harraaqessi sun haga bisaan lafa irraa gogutti asii fi achi ka'aa ture. \v 8 Achiin duuba Nohi bisaan lafa irraa akka gad dhidhate ilaaliisaaf saphaliisa erge. \v 9 Ammoo bisaan ammalle lafa duudii irra waan jiruuf, addee itti tee'u dhabee, gara hoboloo guddittii sanii deebi'ee gara isaa dhufe; inni harka ifii gad baasee qabee, hoboloo guddittii sanitti ol seensise. \v 10 Guyyaa torba tureen duuba, ammalle saphaliisa hoboloo guddittii keessaa erge. \v 11 Saphaliisi sun kichuu baala ejersaa afaan ifiititti qabatee, galgaluma san deebi'ee gara isaa dhufe. Akka kanaan Nohi akka bisaan lafa irraa gad dhidhateeru beeke. \v 12 Achiin duuba Nohi guyyaa torba dhibii turee, saphaliisa erge; saphaliisi eega san gara isaa hin deebine. \p \v 13 Nohi dhalatee woggaa dhibba jaa fi tokkeesso'otti, ji'a tokkeesso'oo keessa, guyyaa tokkeesso'oo, bisaan lafa irraa goge; Nohille heellichoo Hoboloo gudditti'ii irraa kaasee, ilaale; irri lafaalle akka gogeeru dhagge. \v 14 Ji'a lammeesso'oo keessa, guyyaa diddamii torbeesso'ootitti, latti guutumatti godde. \p \v 15 Achiin duuba Waaqi, Nohiin, \v 16 «Niitii teeti, ijoollee teetii fi niitii ijoollee teetii woliin hoboloo keessaa bayi. \v 17 Dadi lubbuu qabanu ka si woliin jiranu martinuu sinbirrooti, horiin, bineensoti, worri lafa irra lowanu martinuu, lafa irratti horanee akka heddatanu, si woliin akka bayanu godhi» jedhe. \v 18 Maarre Nohi ijoollee ifii, niitii ifiitii fi niitii ijoollee ifii woliin gad baye. \v 19 Horiin marti, bineensoti marti, sinbirrooti marti, worri lafa irra lowanu marti, akkuma gosa gosa isaaniititti hoboloo guddittii san keessaa gad bayane. \s1 Nohi Ciincaa Dhikeesse \p \v 20 Nohi addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaare; horii qulqulluu mara keessaa, sinbirroota qulqulluu mara keessaa addee ciinca'aa san irratti ciincaa dhikeesse. \v 21 Fooleen ciinca'aa sun Mootii Waan Maraa yennaa gammachiitte, Mootiin Waan Maraa gadhaa ifii keessatti, «Ani sababa namaatiif deebi'ee lafa hin abaaru; yaadi isaanii ijoollumma'aanuu hamaa akka te'e ani waan beekuuf, akka amma godhe kana, waan lubbuu qabu lafa irraa ijjumaa deebi'ee hin balleessu. \q1 \v 22 «Haga latti tun jirtutti \q2 facaasu'uu fi haamuun, qabbanaa fi o'i, \q2 bonaa fi ganni, guyya'aa fi halkan, \q2 hin dhaabbatanu» jedhe. \c 9 \s1 Gondooroo Waaqi Nohi Woliin Gondoore \p \v 1 Waaqi Nohii fi ilmaan isaa eebbisee, «Hora'aa, heddadha'a, lafa guuta'a! \v 2 Bineensoti lafa irraa marti, sinbirrooti marti, bineensoti lafa irra lowanu marti, qurxummiin abbaaya'aa marti, isin sodaatanee bararaqanuu ti; isaan harka keessanitti kennamaneeran. \v 3 Wonni jiraatee tacho'u martinuu sagalee isiniif te'anuu ti. Akkuma duri biqiltuu magariisa akka sagalee isiniif te'anu kenne, amma waan kana mara sagalee akka isiniif te'anu kenneera. \v 4 Ammoo jiruun dhiiga keessa waan jirtuuf, foon dhiigi keessa jiru ammalle hin nyaatina'a. \v 5 Ani lubbuu teessan eegiisaaf, dhiiga keessan harka nama nama san ijjeeseetii fi bineensa nama san ijjeesee irraa hin barbaada. \q1 \v 6 «Ani Waaqi akka bifa tiyyaatitti, \q2 nama waan dadeef, \q2 nami dhiiga namaa dhangalaasu \q2 dhiigi isaa harka namaatiin \q2 hin dhangalaafama. \p \v 7 «Isin hora'a, heddadha'a, bacadha'aa lafa guuta'a!» jedhe. \p \v 8 Achiin duuba Waaqi Nohii fi ilmaan isaa ta isa woliin jirtuun, \v 9 «Kunoo ani isinii fi sanyii teessan worra isiniin duubaa woliin gondooroo tiyya hin gondoora; \v 10 akkasuma dada lubbuu qabu ka isin woliin jiru mara, sinbirroota mara, horii mara, bineensota mara, waan isin woliin hoboloo guddittii san keessaa bayane mara woliin gondooroo tiyya hin gondoora. \v 11 Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi'iitiin lafa irraa deebi'ee akka hin balleessineef, bisaan badi'ii ijjumaa deebi'ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora. \v 12 Gondooroo ani isinii fi dada lubbuu qabu ka isin woliin jiruuf, dhaloota dhufu maralle'ee gondoore tanaaf beessisa kana kenna: \v 13 ani hiituu tiyya duumensa keessa keya; hiituun tunille beessisa Gondooroo anaa fi biyyaa lafaa oddu'utti te'e hin teeti. \v 14 Yennaa ani gubbaa duumensaan gollee, hiituun duumensa keessaan mudhattu, \v 15 ani gondooroo tiyya ta isinii fi dada lubbuu qabu mara woliin gondoore hin qaabadha; bisaan badi'ii dada lubbuu qabu mara deebi'ee ijjumaa hin balleessu. \v 16 Yennaa hiituun duumensa keessaan mudhattu, ani isii ilaalee, gondooroo haga bara baraa ta anaa fi dada lubbuu qabu ka lafa irra jiru mara oddu'utti gondoore hin qaabadha» jedhe. \v 17 Waaqi Nohiin, «Beessisi gondooro'oo ka ani ifii fi dada lubbuu qabu ka lafa irra jiru mara oddu'utti gondoore hiituu tana» jedhe. \s1 Nohii Fi Ilmaan Isaa \p \v 18 Nohii fi ilmaan isaa ta hoboloo guddittii keessaa baate Seem, Kaamii fi Yaafet. Kaam abbaa Kana'aanii ti. \v 19 Isaan sadiin kun ilmaan Nohii ti; kolbaan lafa irraa duudiinuu ilmaan sadiin tana irraa dhutte. \p \v 20 Nohi, nama lafa qotu, ka woynii dhaabiisa jalqabe. \v 21 Gaafa tokko inni yennaa daadhii woyni'ii unee machowe, qullaa dunkaanii ifii keessa rafe. \v 22 Abbaan Kana'aanii, Kaam, abbaa ifii qullaa jiruun dhaggee, alatti obboleeyyan ifii lamatti hime. \v 23 Achiin duuba Seemii fi Yaafet woyaa fuudhanee gurmuu ifii lamaan irra buufatanee, dudda duubaan deemanee nafa abbaa isaanii qullaa san dhossane; fuulli isaanii irraa waan garagaleeruuf, nafa qullaa abbaa ifii san hin dhaggine. \v 24 Nohi machii yennaa bayyanate, waan ilmi isaa maandhichi isa irratti godhe beekee, \q1 \v 25 «Kana'aan ka abaarame te'uu ti; \q2 garbicha garboota obboleeyyan ifii te'uu ti» jedhe. \q1 \v 26 Nohi ammalle, \q1 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Seemii, leellifamuu ti; \q2 Kana'aan garbicha Seemii te'uu ti. \q1 \v 27 Waaqi biyya Yaafetii badhisuu ti! \q2 Yaafet dunkaanii Seemii keessa le'uu ti; \q2 Kana'aan garbicha Yaafetiille te'uu ti» jedhe. \p \v 28 Bisaan badi'iitiin duuba Nohi woggaa dhibba sadii fi shantama le'e. \v 29 Inni wolumatti woggaa dhibba sagalii fi shantama le'ee, achiin duuba du'e. \c 10 \s1 Sanyii Ilmaan Nohii \r (1 Dab. 1:5-23) \p \v 1 Ilmaan Nohii, Seem, Kaamii fi Yaafet; bisaan badi'iitiin duuba, isaan sadiin kun ijoollee uumatane; hiddi dhaloota sanyii isaanii kanatti aanee laakkowama. \s1 Sanyii Yaafetii \p \v 2 Ilmaan Yaafetii: Gomer, Maagoog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshekii fi Tiiraas. \v 3 Ilmaan Gomerii: Ashikenaas, Riifaatii fi Togaarma'a. \v 4 Ilmaan Yaawaanii: Eliishaa, Tarshiish\f + \fr 10:4 \fr*\fqa Tarshiish: \fqa*\ft Bara ammaa \ft*\fqa Isiphaniyaa \fqa*\ft jedhama.\ft*\f*, Kitiimii\f + \fr 10:4 \fr*\fqa Kitiim: \fqa*\ft Bara ammaa \ft*\fqa Qophiroos \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* fi Rodaaniim. \v 5 Worri lafa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aa keessa le'u, sanyii Yaafetii tana irraa dhufane. Isaan akka biyya biyya isaaniititti, akka afaan afaan isaaniititti, akka gosa gosa isaaniititti qoqoodamee worra le'u. \s1 Sanyii Kaamii \p \v 6 Ilmaan Kaamii: Kuushi, Misraayiimii\f + \fr 10:6 \fr*\fqa Misraayiim: \fqa*\ft Yennaa ammaa \ft*\fqa Gibxi \fqa*\ft jedhama.\ft*\f*, Fuxii\f + \fr 10:6 \fr*\fqa Fuxi: \fqa*\ft Yennaa ammaa \ft*\fqa Liibiyaa \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* fi Kana'aan. \v 7 Sanyiin Kuushii: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'ima'aa fi Sabtekaas. Ilmaan Ra'ima'aa: Sheeba'aa fi Dedaan. \v 8 Kuushi Naamrud uumate; Naamrud lafa irratti nama qaraa jabaa lolaan injifataa te'e. \v 9 Inni qarqaarsa Mootii Waan Maraatiin adamsaa jaba'a; tanaaf, namooti, «Mootiin Waan Maraa akka Naamrudii adamsaa jabaa si godhu» jedhan. \v 10 Inni jalqaba qachoota biyya Shiinaarii ka «Baabilon» jedhamee beekkamu keessaa Baabel, Erek, Akaadii fi Kaalne irratti mootii te'e. \v 11 Achi irraa gara biyya Asoorii dhaqee qachoota Nanawwe'ee, Rohobot-Irii fi Kalaa ijaare. \v 12 Akkuma Nanawwe'ee fi Kalaa wodhakka'atti qachaa guddicha Resen ijaare. \p \v 13 Sanyiin Misraayiimii: Ludiin, Anaamiim, Lehabiim, Naftuhiim, \v 14 Fatrusiim, Kasluhiim ka worri Filisxeemotaa irraa dhaggamee fi Kaftoriim uumate. \p \v 15 Kana'aan ilma ifii angaficha Sidoonii fi ka itti aanu Heeti uumate. \v 16 Inni ammalle abbaa Yibusootaa, Amoorotaa, Girgaashotaa, \v 17 Hiiwotaa, Arqotaa, Siinotaa, \v 18 Arwaadotaa, Simaarotaa, kamaatotaatiiyyu; duuba irra maatiin Kana'aanii, \v 19 haga meessaa Kana'aanii ka Sidoon irraa gara fuullee Gergariitii haga Gaaza'aatitti, gara fuullee Sodoomii, Gomora'aa, Adima'aatii fi Zebo'iimiitiin haga Laasha'aa faffacaate. \v 20 Sanyiin Kaamii ka maatii maati'iin, afaan afaaniin, lafa lafaan, gosa gosaan qoqoodamane isaan kana. \s1 Sanyii Seemii \p \v 21 Obboleessi angafichi Yaafetii, Seemille, ilmaan uumate; ilmaan Ebeerii marti sanyii isaa ti. \v 22 Ilmaan Seemii: Ilaam, Ashuur, Arfaaksaad, Ludii fi Aaram. \v 23 Ilmaan Aaramii: Uz, Hul, Geterii fi Maash. \v 24 Arfaaksaad, Shalaa uumate; Shalaan, Ebeer uumate; \v 25 Ebeer ilmaan lama uumate; bara tokkochi dhalate latti waan qoqoodanteef, maqaan isaa, «Feleg\f + \fr 10:25 \fr*\fqa Feleg: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Qoqoodamuu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhame; maqaan obboleessa isaa Yoqxaan. \v 26 Ilmaan Yoqxaan uumate: Almodaad, Sheleef, Hasarmaaweti, Yaaraa, \v 27 Hadoraam, Uzaal, Diqilaa, \v 28 Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa, \v 29 Ofiir, Hawiila'aa fi Yobaab; worri kun martinuu ilmaan Yoqxaanii ti. \v 30 Latti isaan keessa le'ane, biyya koobittii gara aduun baatuu Meshaa irraa ka'ee haga Sefariititti badhatti. \v 31 Sanyiin Seemii ka maatii maati'iin, afaan afaaniin, lafa lafaan, gosa gosaan qoqoodamane isaan kana. \p \v 32 Maatiin ilmaan Nohii, akka dhaloota isaaniitiin, gosa gosa isaaniitiin ka qoqoodamane isaan kana; bisaan badi'iitiin duuba, gosi biyya adda addaa ta lafa irratti faffacaate marti, sanyii ilmaan Nohii irraa dhaggante. \c 11 \s1 Xelleephoo Baabilonii \p \v 1 Bara san kolbaan biyya lafaa duudiin afaan tokkocha dubbatti. \v 2 Isaan gara aduun baatu irraa yennaa godaanane, dirree takka lafa Shiinaariititti\f + \fr 11:2 \fr*\fqa Shiinaar: \fqa*\ft Biyya Baabilon ti.\ft*\f* dhaqanee achitti qubatane. \v 3 Isaan, «Kowa'a, faara loonnee, akka jabaatu gunnaa» woliin jedhane; addee dhaka'aa faara looba'aa, addee siminto'oo leyyaa biyyee keessaa dhaggamutti fayyadamane. \v 4 Achiin duuba isaan, «Kowa'a, qachaa qacceen xelleephoo isaa ol-gubbaa gewu ijaarrannee, lafa duudii irratti akka hin bittinnoonneef, worra gurraa teena!» jedhane. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa qacha'aa fi xelleephoo ilmaan namaa ijaarane san ilaaliisaaf gad bu'e. \v 6 Inni, «Kunoo, isaan kolbaa takka'a; marti isaaniituu afaan tokkocha dubbatan; kun waan isaan huju'uuf jiranu keessaa ka jalqabaa ti; waan isaan hujiisaaf yaada qabanu keessaa, takkaalle wonni isaan hujuu dadhabanu hin jirtu. \v 7 Kowa'a, gad buunee, akka isaan wolii hin galle,\f + \fr 11:7 \fr*\fqa Akka isaan wolii hin galle: \fqa*\ft Tokko dubbii kaanii akka hin dhageenn.\ft*\f* afaan isaanii wol keessa akka makamu\f + \fr 11:7 \fr*\fqa Makamu: \fqa*\ft Marqam.\ft*\f* goona» jedhe. \v 8 Maarre Mootiin Waan Maraa lafa duudii irra isaan bittinneessee, qachaalle ijaariisa lakkisane. \v 9 Mootiin Waan Maraa achitti afaan biyya lafaa wol keessa akka makamu waan godheef, maqaan addee sanii, «Baabel»\f + \fr 11:9 \fr*\fqa Baabel: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Makamaa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* jedhamee moggaafame; Mootiin Waan Maraa achi irraa biyya lafaa duudii irra isaan bittinneesse. \s1 Sanyii Seemii \p \v 10 Sanyiin Seemii isaan kana: Bisaan badi'iitiin duuba woggaa lama turee, Seem dhalatee woggaa dhibbatti, ilma ifii Arfaaksaad uumate. \v 11 Arfaaksaad uumateen duuba, Seem woggaa dhibba shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. \p \v 12 Arfaaksaad dhalatee woggaa soddomii shanitti, Shalaa uumate; \v 13 Shalaan dhalateen duuba, Arfaaksaad woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. \p \v 14 Shalaan dhalatee woggaa soddomatti, Ebeer uumate; \v 15 Ebeer dhalateen duuba, Shalaan woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. \p \v 16 Ebeer dhalatee woggaa soddomii afuritti, Feleg uumate; \v 17 Feleg dhalateen duuba, Ebeer woggaa dhibba afurii fi soddoma le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. \p \v 18 Feleg dhalatee woggaa soddomatti, Re'uu uumate; \v 19 Re'uun dhalateen duuba, Feleg woggaa dhibba lamaa fi sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. \p \v 20 Re'uun dhalatee woggaa soddomii lamatti, Seruug uumate; \v 21 Seruug dhalateen duuba, Re'uun woggaa dhibba lamaa fi torba le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. \p \v 22 Seruug dhalatee woggaa soddomatti, Naahor uumate; \v 23 Naahor dhalateen duuba, Seruug woggaa dhibba lama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. \p \v 24 Naahor dhalatee woggaa diddamii sagalitti, Taaraa uumate; \v 25 Taaraan dhalateen duuba, Naahor woggaa dhibba tokkoo fi kudhanii sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. \p \v 26 Taaraan dhalatee woggaa torbaatamatti, Abraam, Naahorii fi Kaaraan uumate. \s1 Sanyii Taara'aa \p \v 27 Sanyiin Taara'aa isaan kana: Taaraan abbaa Abraamii, Naahoriitii fi Kaaraanii ti; Kaaraan abbaa Looxii ti. \v 28 Kaaraan abbaan isaa Taaraan adoo jiruu addee itti dhalatetti, lafa Kaldootaa, Ur keessatti du'e. \v 29 Abraamii fi Naahor niitii fuudhane; maqaan niitii Abraamii Saaraayi; maqaan niitii Naahoriille Miilka'a. Isiin intala Kaaraanii ti; Kaaraan Miilka'aa fi Yiiska'aafille abba'a. \v 30 Saaraan maseena; isiin ijoollee hin qaddu. \p \v 31 Taaraan ilma ifii Abraam, akaakoo ifii Looxii ilma Kaaraanii, Saaraayii niitii ilmaa ifii Abraamii, fudhatee isaan woliin, biyya Kaldootaa Ur irraa ka'anee gara lafa Kana'aanii dhaqanee achi qubatane. \v 32 Taaraan woggaa dhibba lamaa fi shan le'ee, achiin duuba Kaaraan keessatti du'e. \c 12 \s1 Waaqi Abraam Waame \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, Abraamiin, «Biyya teeti, gosa teeti, maatii abbaa keetiille lakkisiitii, gara lafa ani sitti mudhisuu dhaqi. \q1 \v 2 «Ani gosa guddoo si hin godha; \q2 si hin eebbisa. \q1 Gurra keeti hin guddisa; \q2 worra dhibi'iifille eebba hin teeta. \q1 \v 3 Ani worra si eebbisu hin eebbisa; \q2 worra si abaaru hin abaara. \q1 Kolbaan lafa irraa duudiin \q2 karaa keetiin ta eebbifante hin teeti» jedhe. \p \v 4 Maarre Abraam akkuma Mootiin Waan Maraa isatti hime deeme; Looxille isa woliin deeme. Abraam biyya Kaaraaniitii yennaa baye san, woggaan isaa torbaatamii shan. \v 5 Abraam niitii ifii Saaraayii fi ilma obboleessa ifii Loox, waan qabanu maraa fi hojjattoota Kaaraanitti dhaggatanelle fudhatanee, gara lafa Kana'aanii deemiisaaf ka'ane. Isaan lafa Kana'aanii yennaa geyane, \v 6 Abraam lafa san keessa dabaree, addee, «Sheekem» jedhantu, haga qilxaa woyyicha Moree deeme. Yennaa san worri Kana'aanotaa lafa san keessa jiraniiyyu. \v 7 Yennaa san Mootiin Waan Maraa Abraamitti mudhatee, «Ani lafa tana sanyii teetiif hin kenna» jedhe; Abraamille addee sanitti, Mootii Waan Maraa ka isatti mudhateef addee ciinca'aa ijaare. \v 8 Achii ka'ee gara lafa koobittii ta Bet'el irraa gara baya adu'uutitti dhaggantuu dhaqe; dunkaanii ifiille Beti'el irraa gara seensa adu'uutitti, Aayin irraa gara baya adu'uutitti dhaabate; achille'etti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, achitti maqaa Mootii Waan Maraa waammate. \v 9 Achiin duuba, Abraam gara kibba Kana'aanii\f + \fr 12:9 \fr*\fqa Kibba Kana'aanii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Negeb \fqa*\ft jedha.\ft*\f* garuma duraa deeme. \s1 Abraam Biyya Gibxi'ii Keessatti \p \v 10 Biyya kibba Kana'aaniititti beelti hantuun waan buuteef, Abraam yennaa beelaa san achitti dabarsiisaaf, gara biyya Gibxi'ii gad bu'e. \v 11 Inni Biyya Gibxi'ii seeniisaaf yennaa dhikaate, niitii ifii Saaraayiin, «Ani akka ati dubartii dansitti'ii hin beeka; \v 12 Worri Gibxi'ii yennaa si dhagge, ‹Tun niitii isaa ti› jedhanee na hin ijjeesan; si ammoo hin lakkisan. \v 13 Marroo teetiif akka naaf tolu, sababa keetiif akka jiraadhuuf, ‹Ani obboleettii isaa ti› jedhi» jedhe. \v 14 Abraam biyya Gibxi'ii yennaa seene, worri Gibxi'ii niitiin isaa guddoo dansittii akka teete dhaggane. \v 15 Qondaaltoti mootii Gibxi'ii yennaa isii dhaggane, dansummaa isi'ii mooticha Gibxi'iititti jajane. Gara mana mootichaalle isii geessane. \v 16 Mootichille isi'iif jedhee Abraamitti tole; inni hoolee, loon, harree, gaalota, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii isaaf kenne. \p \v 17 Ammoo sababa Saaraayii niitii Abraamiitiif, Mootiin Waan Maraa mootichaa fi kolbaa mana mootichaa keessa jirtutti dhukkuba hamaa buuse. \v 18 Maarre mootichi biyya Gibxi'ii Abraam waamee, «Wonni ati na irratti hujje kun maan? Akka isiin niitii teeti teete maaf natti hin himin? \v 19 Ati maaf, ‹Isiin obboleettii tiyya› jette? Tanaaf ani niitii isii godhadhee fuudhe. Amma niitiin teeti kunoo ti; fudhadhuu deemi!» Jedheen. \v 20 Mootichi marroo Abraamiitiif namoota ajajee, isaan niitii isaatii fi waan inni qabu mara woliin biyya Gibxiitii isa baasane. \c 13 \s1 Abraamii fi Loox Gargar Bayane \p \v 1 Abraam niitii ifiitii fi waan qabu mara fudhatee, gara biyya kibba Kana'aanii\f + \fr 13:1 \fr*\fqa Kibba Kana'aanii: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 12:9 irratti kenname ilaali.\ft*\f* deeme; Looxille isa woliin deeme. \v 2 Abraam hori'iin, meeti'ii fi worqi'iin guddoo dureessa. \v 3 Inni kibba Kana'aaniitii ka'ee, asii fi achi goggodaanee, haga Bet'elii deemee, Bet'elii fi Aayi odduu lafa dur dunkaana ifii itti dhaabbateeru takka geye. \v 4 Dur inni addee tanatti addee ciincaa itti ciincessanu ijaareeraayyu; inni achitti maqaa Mootii Waan Maraa waammate. \p \v 5 Looxiin Abraam woliin deemelle hori'ii fi maatii, akkasuma tajaajiltoota ifii qabaayyu. \v 6 Abraamii fi Loox horii guddaa waan qabanuuf, woliin turiisaaf lafa marraa isaan lamaaniifuu geettu dhabanee, \v 7 tissitoota horii Abraamiitii fi tissitoota horii Looxii oddu'utti lolli ka'e; yennaa san Kana'aanotii fi Pheeriisoti lafa san keessa le'aniiyyu. \p \v 8 Achiin duuba Abraam, Looxiin, «Nuuti obboleeyyan waan teeneef, si'ii fi ana oddu'utti, tissitoota horii keetiitii fi tissitoota horii kiyyaa oddu'utti lolli ka'uu hin malle. \v 9 Kunoo, latti duudiin si dura jirtii motii? Gargar baanuu ti! Ati yoo gara bita'aa fudhatte, ani gara middaa deema; yookiin ati yoo gara middaa fudhatte, ani gara bita'aa deema» jedhe. \p \v 10 Loox adaala ilaalee, dhooqi Yordaanosii haga qachaa Zo'aariititti akka oorruu Mootiin Waan Maraa Edenitti godhee, akka lafa Gibxi'iille bisaan akka qaddu dhagge; tun Mootiin Waan Maraa qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa balleessiisaan dura. \v 11 Maarre Loox dhooqa Yordaanosii mara filatee, gara baya adu'uu godaane. Akka kanaan isaan lamaan gargar bayane. \v 12 Abraam lafa Kana'aanii keessa le'ee, Loox ammoo qachoota dhooqa Yordaanosii odduu le'e; dunkaana ifiille Yordaanos biratti dhaabbate. \v 13 Bara san kolbaan Sodoomii hamoolee, worra cubbuu guddo'oon Mootii Waan Maraa yakkeeru. \s1 Abraam Gara Kebroonii Godaane \p \v 14 Loox isa irraa gargar bayeen duuba, Mootiin Waan Maraa Abraamiin, «Ol jedhiitii, lafa amma jirtu tana, kaabaa fi kibba, gara aduun baatuu fi seentu ilaali; \v 15 Lafa ati dhaggitu tana duudii si'ii fi sanyii teetiif hin kenna; isiille haga bara baraa teessan hin teeti. \v 16 Ani sanyii teeti akka maansa lafaa hin godha; nami maansa lafaa laakkowuu yoo dande'e, sanyiin teetille laakkowamuu hin dandeetti. \v 17 Ani isii waan sii kennuuf, ka'iitii, dheerinna fi badhinna lafaa keessa deemi» jedhe. \v 18 Maarre Abraam dunkaana ifii buqqifatee, qilxaa Mamre'ee ka Hebroonitti dhiko'oo bira dhufee qubate. Achille'etti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaare. \c 14 \s1 Abraam, Loox Boojuu Jalaa Baase \p \v 1 Bara san mootiin biyya Shiinaarii\f + \fr 14:1 \fr*\fqa Shiinaar: \fqa*\ft Biyya Baabilonii ti.\ft*\f* Amraafel, mootiin biyya Elaasaarii Aryook, mootiin biyya Elaamii Kador-Laa'omer, mootiin gosa biyya adda addaa Tidaal mootummaa irra jiraniiyyu. \v 2 Mootoleen tun mootii Sodoomii Beeraa, mootii Gomora'aa Birishaa, mootii Aadima'aa Shanaab, mootii Zebo'iimii Shemeber, mootii qachaa Bela'aa, ka amma qachaa «Zo'aar» jedhamu loliisaaf dhaqane. \v 3 Worri loliisaaf yaa'e kun dhooqa siidiimii ta amma «Abbaayaa sooddaa» jedhantu keessatti wolitti gurmaaye. \v 4 Mootoleen tun woggaa kudhanii lamaaf, mooticha Kador-Laa'omeriif tajaajilanee, woggaa kudhanii sadeesso'ootitti ammoo finqilaan itti ka'ane. \v 5 Woggaa kudhanii arfeesso'ootitti Kador-Laa'omerii fi mootoleen isa woliin gurmaayane loltoota ifii woliin dhufanee, worra Refaa'iimii addee «Ashitaarot-Karnaayim» jedhantutti, worra Zuziimii addee «Ham» jedhantutti, worra Emiimii addee «Dirree Kiriiyataayim» jedhantutti, \v 6 worra Hooriille gaara Se'iirii\f + \fr 14:6 \fr*\fqa Gaara Se'iirii: \fqa*\ft Gaarri kun gaara Edoomiille hin jedhama.\ft*\f* irraa haga El-Phaaranii irga goomole'eetitti injifatane. \v 7 Achiin duuba isaan deebi'anee gara En-Miisphaatii ta «Qaadeshi» jedhantuu dhufanee, lafa Amaaleqootaa duudii qabatanee, Amoorota worra Haazezon-Taamaar keessa le'anulle injifatane. \p \v 8 Achiin duuba mootiin Sodoomii, mootiin gomora'aa, mootiin Aadima'aa, mootiin Zebo'iimii, mootiin Bela'aa ka «Zo'aar» jedhamu, bayanee dhooqa Siidiimii keessatti isaan lolane. \v 9 Isaan mootii biyya Elaamii Kador-Laa'omer woliin, mootii gosa biyya adda addaa woliin, mootii biyya Shiinaarii Amraafel woliin, mootii biyya Elaasaarii Aryook woliin wol lolane; akka kanaan moototi shanan mootota arfan woliin wol lolane. \v 10 Dhooqi Siidiimii boolla leyyaa lafa keessaa dhaggamuun guutanteertiiyyu; mootiin Sodoomiitii fi Gomora'aa adoo baqatanuu boolla bu'ane; worri hafe ammoo gara gaaraa baqate. \v 11 Moototi arfan sun worra Sodoomiitii fi Gomora'aa irraa waan isaan qabanu mara, sagalee isaaniille fudhatanee deemane. \v 12 Ilmi obboleessa Abraamii Loox, Sodoom keessa le'aa waan tureef, isaan waan inni qabu maraa fi isa booji'anee deemane. \p \v 13 Namichi miliqee bayeeru tokko ammoo, gara Abraamii Ibraawichaa dhufee waan te'e mara itti hime; yennaa san Abraam qilxoota Mamree Amoorichaa bira le'aayyu; Mamreen obboleessa Eshikoliitii fi Anerii ti. Isaan kun yennaa lolaa Abraam qarqaariisaaf wolii galtee godhataneeran. \v 14 Abraam booji'amiisa ilma obboleessa ifii yennaa dhage'e, namoota dhibba sadii fi kudhanii saddeeti worra mana isaatitti dhalatanee lolaaf leenji'ane waamee, worra booji'e san haga Daaniititti hordofe. \v 15 Inni halkaniin akka lolanuuf namoota ifii gargar qoqoodee, diinota ifii lolee injifatee, haga Hobaa Damaasqoo irraa gara kaabaa jirtuu ari'ane. \v 16 Waan isaan booji'aneeranu mara, ilma obboleessa ifii Loox, waan inni qabu woliin, dubartootaa fi worra booji'ameeru dhibiille deebisee fide. \s1 Malkiisedeq Abraam Eebbise \p \v 17 Abraam Kador-Laa'omerii fi mootota isa woliin jiranu injifatee adoo deebi'iisatti jiruu, mootiin Sodoomii dhooqa Shawwee ta «Dhooqa mooti'ii» jedhantutti isa qophatiisaaf baye. \v 18 Mootichi Saalemii Malkiisedeq, hayyicha Waaqa Ol Aana'aa, daabbo'oo fi daadhii woyni'ii Abraamiif fidee, \v 19 isa eebbisee, \q1 «Waaqi Ol Aanaan, \q2 ka ol-gubba'aa fi lafa dade, \q2 Abraam eebbisuu ti; \q1 \v 20 Waaqi Ol Aanaan, \q2 ka diinota keeti harka keetitti kenne, \q2 leellifamuu ti!» jedhe. \m Abraamille waan booju'uun dhaggate mara irraa kudhan keessa tokko Malkiisedeqiif kenne. \p \v 21 Mootichi Sodoomii, Abraamiin, «Waan dhibii mara fudhadhuu, namoota kiyya naa deebis» jedhe. \p \v 22 Abraam deebisee, «Mootii Waan Maraa Waaqa Ol Aanaa, ka ol-gubba'aa fi lafa dade duratti hin kakadha; \v 23 akka ati, ‹Anatti Abraam duroonse› hin jenneef, waan keeti keessaa liilana tokko yookiin waan kophe'een hidhatanulle hin fudhadhu. \v 24 Waan namooti kiyya nyaatane malee, ani womaa hin fudhadhu, worri na woliin dhaqe Aner, Eshikolii fi Mamreen qooda ifii fudhatanuu ti» jedhe. \c 15 \s1 Gondooroo Waaqi Abraam Woliin Gondoore \p \v 1 Wonni kun teeteen duuba, jechi Mootiin Waan Maraa mudhi'iin gara Abraamii dhufee, «Abraam, hin sodaatin, ani wontee teeti; ani gatii guddoo si'iif hin kenna» jedhe. \p \v 2 Abraam ammoo, «Ee, Goottaa, Mootii waan maraa, adoo ani uumaa dhabeeruu, gatiin naaf kennitu maan naa gooti? Nami na dhaalu Elii'ezaar nama Damaasqo'oo ti» jedhe. \v 3 Abraam ammalle, «Kunoo, ati uumaa naaf waan hin kenniniif, garbicha mana kiyya keessatti dhalate tokkotti na dhaalaara» jedhe. \p \v 4 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufee, «Inni si hin dhaalu, ilma ati ifii uumattutti si dhaala» jedheen. \v 5 Mootiin Waan Maraa alatti isa baasee, «Gara gubba'aa ol ilaaliitii, yoo laakkowuu dandeette, urjoota laakkowi» jedhe. Achiin duuba, inni Abraamiin, «Maarre sanyiin teetille akkasuma hin teeti» jedheen. \p \v 6 Abraam Mootii Waan Maraatitti dhugeeffate; dhugeeffannaan isaalle akka balchumma'aatitti isaaf laakkowante. \p \v 7 Achiin duuba inni, Abraamiin, «Ani Mootiin Waan Maraa biyya tana akka ati dhaaltuuf, Ur lafa kaldootaa keessaa si baase» jedhe. \p \v 8 Abraam ammoo, «Ee, Goottaa, Mootii Waan Maraa, akka dhaalu attamiin beeka?» jedheen. \p \v 9 Mootiin Waan Maraa, Abraamiin, «Goronsa woggaa sadii, re'ee dhaltuu woggaa sadii, korbeessa hoole'ee ka woggaa sadii, saphaliisaa fi maddoo naa fidi» jedhe. \v 10 Abraam isaan kana mara gara isaa fidee, addee lama lamatti kukkutee, ka kukkutamane san gama tokko gama kaaniin wolitti fuula galchee keye; sinbirroota ammoo hin kukkunne. \v 11 Yennaa allaattiin reeffa nyaatiisaaf dhutte, Abraam irraa ari'e. \p \v 12 Adoo aduun seeniisatti jirtuu, hirriibi hamaan Abraamitti bu'ee, soda'aa fi dukkanti dimmi isatti dhutte. \v 13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Abraamiin, «Sanyiin teeti biyya ormaa keessatti alagaa te'iisaaf, achille'etti garboota te'iisaaf, woggaa dhibba afur akka cunqurfamu'uuf jiranu beeki! \v 14 Ani ammoo gosa biyya isaan garboonfattu san hin adaba; isaan karra guddoo fudhatanee achii hin bayan. \v 15 Ati ifiif, dulloontee bara dheeraa leetee, nageyaan duutee, hin awwaalanta. \v 16 Yennaan worri Amoorotaa adabamanu haga ammaa waan hin geyiniif, sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti deebi'anee hin dhufanu» jedhe. \p \v 17 Yennaa aduun seentee dukkanootte, okkoteen ibiddaa ta aartuu fi umeessaan bobe'u foon gargar kukkutame wodhakkaa dabare. \v 18 Gaafas Mootiin Waan Maraa Abraam woliin gondooroo gondoorate, «Ani lafa tana laga Gibxi'iitii jalqabee haga laga guddicha Efraaxiisiititti sanyii teetiif hin kenna. \v 19 Latti tun lafa Qenootaa, lafa Qeniizotaa, lafa Qadimonootaa, \v 20 Heetotaa, Pheriizotaa, Refaa'otaa, \v 21 Amoorotaa, Kana'aanotaa, Girgaashotaatii fi Yibusootaa ti» jedhe. \c 16 \s1 Aggaarii Fi Ishimaa'el \p \v 1 Niitiin Abraamii Saaraayi, ijoollee isaaf deettee hin jirtuuyyu. Isiin hojjattuu «Aggaar» jedhantu takka qaddi; Aggaar nama biyya Gibxi'ii ti. \v 2 Saaraayille Abraamiin, «Mootiin Waan Maraa ijoollee dewuu akka na dhoogge hin dhaggita; hojjattuu tiyya bira geyi! Karaa isi'iitiin ijoollee hin dhaggadha fa'aa» jette. Abraamille dubbii Saaraayii dhage'e. \v 3 Niitiin Abraamii Saaraayi hojjattuu ifii Aggaarii nama biyya Gibxi'ii san fiddee, akka niiti'iititti dhirsa ifiitiif kennite; kunille Abraam biyya kana'aanii keessa woggaa kudhan le'een duuba te'e. \v 4 Abraam Aggaar bira geyee, isiille ulfootte; isiin akka ulfootte yennaa dhaggite, giittii ifii irratti mataa dhaadde.\f + \fr 16:4 \fr*\fqa Giittii ifii irratti mataa dhaaddee: \fqa*\ft jechuun kun giittii ifii tuffattee \ft*\ft jechu'u.\ft*\f* \p \v 5 Achiin duuba Saaraayi Abraamiin, «Tun balleessaa teeti. Anumattuu isii si'iif kenne; isiin ammoo akka ulfootte beettee, na irratti mataa dhaadde. Ati yookiin ani sirrii akka teene, Mootiin Waan Maraa muruu ti» jette. \p \v 6 Abraam ammoo Saaraayiin, «Ati giittii hojjattuu teetii ti; akka jaalatte isii godhi» jedhe. Achiin duuba Saaraayi waan isii miicceef, isiille jalaa baqatte. \p \v 7 Ergamaan Mootii Waan Maraa goomolee keessatti madda bisaanii biratti Aggaar dhagge; maddi bisaanii sun karaa Shuur geessu gubbaa jiraayyu. \v 8 Inni, hojjattuu Saaraayii, Aggaariin, «Eessaa dhutte? Eessa dhaqaarta?» jedheen. \p Isiin, «Giittii tiyya Saaraayi jalaa baqatiisatti jira» jette. \p \v 9 Ergamaan Mootii Waan Maraalle, isi'iin, «Gara giittii teetii deebi'iitii, isii tajaajili» jedhe. \v 10 Ergamaan Mootii Waan Maraa itti dabalee, «Ani sanyii teeti hin baceessa; bacinna isaaniitiin ka ka'e, eennulle isaan laakkowee hin dande'u. \v 11 Ati amma ulfootteerta, ilmalle hin deetta; iyya ati miicantee iyyite Mootiin Waan Maraa waan dhage'eef, maqaa isaalle ‹Ishimaa'el› jetta. \v 12 Inni akka harree diidaa hin le'a; inni nama mara hin morma; nami martille isa hin morma. Fira ifii mara irraa adda bayee hin le'a» jedhe. \p \v 13 Aggaarille, «Ani dhugumaan Mootii Waan Maraa ka na dhaggu dhaggee?» waan jetteef, Mootii Waan Maraa ka isi'itti dubbate san, «El-Ro'i\f + \fr 16:13 \fr*\fqa El-Ro'i: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Waaqa na dhaggu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jettee waante. \v 14 Tanaaf namooti baleessa Qaadeshii fi Baared wodhakkaa jiru, «Be'er-Lahaayi-Ro'i\f + \fr 16:14 \fr*\fqa Be-er-Lahaayi-Ro'i: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Balleessa Waaqa jiraataa na dhagguu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhanee waamane. \p \v 15 Aggaar ilma Abraamiif deette; Abraamille ilma ifii ka Aggaar deette, «Ishimaa'el» jedhee maqaa baase. \v 16 Aggaar yennaa Ishimaa'el isaaf deette, Abraam nama woggaa saddeettamii jaa ti. \c 17 \s1 Haqanqabaa Beessisa Gondooro'oo \p \v 1 Abraam nama woggaa sagaltamii sagalii yennaa te'etti, Mootiin Waan Maraa Abraamitti mudhatee, «Ani Waaqa waan mara dande'u; naaf ajajamiitii ka komii hin qanne te'i. \v 2 Anille wodhakkaa tiyyaa fi teetitti gondooroo hin gondoora; sanyii teeti hin baceessa» jedheen. \v 3 Achiin duuba Abraam fuulaan lafatti gombifame; Waaqille isaan \v 4 «Gondooroo ani si woliin gondooru tana: Ati abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu hin teeta. \v 5 Maqaan keeti haganaa achi, ‹Abraam› hin jedhamu, ani abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu waan si godhuuf, maqaan keeti, ‹Abrahaam›\f + \fr 17:5 \fr*\fqa Abrahaam: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* jedhama. \v 6 Ani sanyii hedduu sii hin kenna. Isaan gosa biyya adda addaa hin te'an; isaan keessaa gariin mootota hin te'an. \p \v 7 «Ani si'iif Waaqa te'ee, si'iin duuballe sanyii teetiif Waaqa te'iisaaf Gondooroo tiyya anaa fi si wodhakka'atti, dhaloota si'iin duuba jiranu, sanyii isaanii wodhakkaalle'etti Gondooroo haga bara baraa godhee, jabeessee hin gondoora. \v 8 Lafa ati amma alagaa itti teete, lafa Kana'aanotaa mara si'ii fi sanyii teetiif haga bara baraa hin kenna; ani Waaqa isaaniille hin te'a» jedhe. \p \v 9 Ammalle Waaqi Abrahaamiin, «Atii fi sanyiin teeti, dhalooti si'iin duubaalle gondooroo tiyya eegadha'a. \v 10 Gondooroon tiyya ta anaa fi si wodhakka'atti, dhalooti si'iin duubaalle eegatuu qaddanu, ‹Isin keessaa dhiirti martinuu haqanqabaa qabatanuu ti› ka jedhu. \v 11 Isin haqanqabaa qabadha'a! Kunille gondooroo anaa fi isin wodhakkaa jirtuuf beessisa hin te'a. \v 12 Dhaloota mara keessatti dhiira te'ee mana keeti keessatti ka dhalatu mara, garbicha mana keeti keessatti dhalatu, sanyii teeti keessaa adoo hin te'in ka orma irraa beese'een bitamelle, dhalatee guyyaa saddeetitti haqanqabaa qabamuu ti. \v 13 Garbichi mana keeti keessatti dhalatee fi ka beese'een bitamelle lamaanuu haqanqabaa qabamanuu ti. Gondooroon tiyya ta beessisi isi'ii foon keessan irratti mudhatu gondooroo bara baraa hin teeti. \v 14 Dhiirti haqanqabaa hin qabatin marti, gondooroo tiyya waan cassiteef, kolbaa ifii keessaa hin balleeffanti» jedhe. \p \v 15 Waaqi ammalle Abrahaamiin, «Niitii teeti Saaraayi, haganaa achi ‹Saaraayi› jettee hin waamin; ammaan jalqabee maqaan isi'ii ‹Saaraa\f + \fr 17:15 \fr*\fqa Saaraa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Giittii \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*› jedhamuu ti. \v 16 Ani isii hin eebbisa; isii irraa ilma si'iif hin kenna. Ani isii hin eebbisa, isiille haadha gosa biyya adda addaa hin teeti; sanyii isi'ii keessaa gariin mootota hin te'an» jedhe. \p \v 17 Achiin duuba Abrahaam fuulaan lafatti gad gombifame; ammoo kollee, «Nami jaarsi woggaa dhibbaa ilma dande'ee uumataa? Saaraan jaartiin woggaa sagaltamaa ilma deettee dandeettii?» ifiin jedhe. \v 18 Inni Waaqaan, «Ishimaa'el ilma waadaa ati naaf galte adoo te'ee dansa'aayyu» jedhe. \p \v 19 Waaqi ammoo, «Waawwo'o. Niitiin teeti Saaraan ilma siif hin deetti; maqaa isaalle, ‹Yisihaq› jettaan. Ani Gondooroo tiyya ta bara baraa isaa fi sanyii isaa ta isa duubaatiif hin gondoora. \v 20 Marroo Ishimaa'eliitiif waan ati daadimatte si'iif dhage'eera; ani isa eebbisee, ijoollee isaaf kennee, sanyii isaa bacaa hin godha. Inni abbaa sooreyyii gugurdoo kudhanii lamaa hin te'a; gosa guddoolle isa hin godha. \v 21 Ani ammoo Gondooroo tiyya, Yisihaqii Saaraan bara dhufu yennaa tanatti si'iif deettu woliin hin gondoora» jedhe. \v 22 Waaqi Abrahaam woliin dubbateen duuba isa biraa ol baye. \p \v 23 Gaafasuma Abrahaam ilma ifii Ishimaa'el, tajaajiltoota mana isaa keessatti dhalatane mara, worra beesee isaatiin bitamane mara, namoota mana isaa keessa jiranu keessaa dhiira ka te'ane maraayyuu fuudhee, akkuma Waaqi isa ajajetti haqanqabaa qabe. \v 24 Abrahaam haqanqabaa yennaa qabatu, woggaan isaa sagaltamii sagal. \v 25 Ilmi Abrahaamii Ishimaa'el yennaa haqanqabaa qabatu, woggaan isaa kudhanii sad. \v 26 Abrahaamii fi ilmi isaa Ishimaa'el gaafuma tokko haqanqabaa qabatane. \v 27 Namooti mana isaa keessaa martille, tajaajiltooti mana isaa keessatti dhalatanee fi worri orma irraa beese'een bitamanee dhufane, Abrahaam woliin haqanqabaa qabatane. \c 18 \s1 Abrahaamiif Ilmi Waadaa Galame \p \v 1 Abrahaam Saafowa seensuma dunkaana ifii dura tee'eeruun, qilxaa Mamre'ee biratti, Mootiin Waan Maraa isatti mudhate. \v 2 Inni ol ilaalee namooti sadiin isa bira dhaabbataneeranuun dhagge; akkuma isaan dhaggeen, isaan qophatiisaaf seensuma dunkaani'ii duraa gara isaanii rukkisee, lafatti gad gombifamee, \v 3 tokkochaan, «Goottaa kiyya, ani yoo si duratti fudhatama dhaggadhe tajaajilaa keeti irra hin dabarin. \v 4 Me, bisaan diqqaa isaa isinii fida; miila keessan dhiqadha'aatii, muka kana jalatti foorfadha'a. \v 5 Gara mana ana tajaajilaa keessanii eega dhuttanee, dadhabbii akka baatanuuf, daabboo diqqoo takka isinii fida; achiin duuba dabaruu hin dandeettan» jedhe; isaan deebisanee, «Akkuma jette san godhi» jedhane. \p \v 6 Abrahaam ariifatee gara Saara'aa dunkaana keessa dhaqee, «Dafiitii, bullaa dansittii meya itti safaranu sad, sukkuumii, bilcheessi» jedheen. \v 7 Achiin duuba Abrahaam gara tikaa rukkisee, jabbilee bobbosoqqee keessaa tokkocha fuudhee, tajaajilaa dafee qalee qopheessu tokkotti kenne. \v 8 Achiin duuba inni itittuu, aananii fi foon qophowe san geessee, isaaniif dhikeesse; yennaa isaan nyaatanu, Abrahaam muka jala isaan bira dhaabbateeraayyu. \p \v 9 Yennaa san isaan, «Niitiin teeti Saaraan eessa jirti?» jedhaneen. \p Inni, «As dunkaana keessa jirti» jedheen. \p \v 10 Isaan keessaa tokkochi, «Bara dhufu yennaa akkanaa tana deebi'ee gara keeti hin dhufa; yennaa san Saaraan niitiin teetii ilma hin deetti» jedhe. \p Yennaa inni tana dubbatu Saaraan balbala dunkaani'ii ta Abrahaamiin duuba jirtu dura dhaabbattee dhage'iisatti jirtiiyyu. \v 11 Abrahaamii fi Saaraan guddoo dulloomaneeraniiyyu; Saaraalle aadaan dubarti'ii irraa dhaabbatteertiiyyu. \v 12 Maarre saaraan, gadhaa ifii keessatti «Ani eega dulloomee gergeshe, dhirsi kiyyalle dulloomee gergeshe, ani isa bira geyiisaaf halcha'aayyuu hin qabaadhaa?» jettee kollite. \p \v 13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Abrahaamiin, «Maaf Saaraan, ‹Ani dulloomee gergesheen duuba, ani dhugumaan deyiisa hin dande'aa?› jette. \v 14 Wonni Mootiin Waan Maraa dadhabu ijjumaayyuu hin jirtii? Bara dhufu yennaa akkanaa tana ani deebi'ee gara keeti hin dhufa; akkuma sitti hime Saaraan yennaa san ilma hin deetti» jedhe. \p \v 15 Saaraan guddoo waan sodaatteef, «Ani hin kolline» jettee mormatte. \p Inni ammoo, «Dhuguma, kolliteerta» jedhe. \s1 Abrahaam Sodoomiif Daadimate \p \v 16 Namooti sadiin sun yennaa achii ka'ane, gara Sodoomii ilaalane; Abraamille geegessiisaaf isaan woliin baye. \v 17 Mootiin Waan Maraa, «Ani waan godhu'uu jiru Abrahaam hin dhossu. \v 18 Abrahaam gosa guddo'oo fi hunnaamettii hin te'a; gosi lafa irra jirtu marti karaa isaatiin hin eebbifanti. \v 19 Balchumma'aa fi haqa hujiisaan karaa Mootii Waan Maraa akka eegatanu, ijoollee ifiitii fi worra mana ifii gorsiisaan akka sooressu ani isa filadheera; ijoolleen isaa waan kana yoo goote, anille waadaa isaaf gale duudii hin muummessa» jedhe. \p \v 20 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Iyyannoon worra Sodoomiitii fi Gomora'aa irratti dhikaatte attam attam guddo'o! Cubbuun isaaniille akka malee guddo'o! \v 21 Ani gad bu'ee wonni isaan hujane martinuu akka iyyannoo gara kiyya dhikaatte sanii te'uu isi'ii hin ilaala» jedhe. \p \v 22 Achiin duuba namooti lamaan gara Sodoomii deemiisa ka'ane; Mootiin Waan Maraa ammoo Abrahaam woliin hafe. \v 23 Yennaa san Abrahaam gara Mootii Waan Maraa dhikaatee, «Ati dhugumaan balchoota dabaaleyyii woliin lafa irraa balleessaartaa? \v 24 Namooti balchooti shantam qachaa san keessa yoo jiraatane, qachaa duudii hin balleessitaa? Namoota balchoota shantama achi keessa le'anuuf jettee hin lakkittuu? \v 25 Ati dhugumaan balchoota dabaaleyyii woliin hin ijjeettu; ati tana hin gootu; yoo tana goote namooti balchooti dabaaleyyii woliin hin adabaman; tun ijjumaa hin teetu. Ka biyya lafaa duudi'itti muru, sirri'itti muruu hin qabuu ree?» jedhe. \p \v 26 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani namoota balchoota shantama qachaa Sodoomii keessatti yoo dhagge, ani isaaniif jedhee qachaa san duudii hin fayyisa» jedhe. \v 27 Abrahaam deebisee, «Ani nama woy hin baane buku'uu fi daadha'a; Goottaa kiyya sodaa malee waan sitti dubbadheef, maganne'ee naaf araaram. \v 28 Balchoota shantama keessaa shanan hin dhidhatan fa'a; sababa shanan dhidhataneef qachaa duudii hin balleessitaa?» jedhe. \p Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani balchoota afurtamii shan achitti yoo dhagge, ani qachaa san duudii hin balleessu» jedhe. \p \v 29 Abrahaam ammalle isaan, «Balchoota afurtama qofa achitti yoo dhaggite hoo?» jedhe. \p Inni deebisee, «Balchoota afurtama yoo dhagge hin balleessu» jedhe. \p \v 30 Achiin duuba Abrahaam, «Mootii waan maraa, ammalle deebi'ee yoo dubbadhe hin aarin. Balchoota soddoma qofa qachaa san keessatti yoo dhaggite hoo?» jedhe. \p Inni deebisee, «Ani balchoota soddoma qachaa san keessatti yoo dhagge, qachaa san hin balleessu» jedhe. \p \v 31 Abrahaamille, «Mootii waan maraa, sodaa malee waan sitti dubbadheef, maganne'ee naaf araaram. Balchooti diddam qofa achitti yoo dhaggamane hoo?» jedhe. \p Inni deebisee, «Ani balchoota diddama saniif jedhee, qachaa san hin balleessu» jedhe. \p \v 32 Achiin duuba Abrahaam, «Mootii waan maraa, takkattii tana qofa dubbadha, maganne'ee natti hin aarin. Balchooti kudhan qofa achitti yoo dhaggame hoo?» jedhe. \p Inni deebisee, «Ani balchoota kudhan yoo achitti dhagge, qachaa san hin balleessu» jedhe. \v 33 Mootiin Waan Maraa Abrahaam woliin dubbatee fixateen duuba deeme; Abrahaamille gara addee ifii deebi'e. \c 19 \s1 Cubbuu Qachaa Sodoomii \p \v 1 Ergantooti Waaqaa lamaan galgaluma san gara Sodoomii dhutte; Yennaa san Loox karra qacha'aa bira tee'eeraayyu. Inni yennaa isaan dhagge, isaan qophatiisaaf itti dhaqee lafatti gad gombifamee, \v 2 «Goottota tiyya, maganne'ee, gara mana tajaajilaa keessanii kowa'a. Miila keessan dhiqa'aatii bula'a; barii ganama deemuu dandeettan» jedhe. \p Isaan ammoo, «Waawwo'o; nuuti asuma badhinna qacha'aa bulla» jedhane. \p \v 3 Inni ammoo jabeessee isaan waan kadhateef, isa woliin gara mana isaa dhaqane. Loox daabboo bilcheessanee, sagalee galgalaa dansaa akka isaaniif qopheessanu tajaajiltoota ifii ajaje. Yennaa sagaleen qophootte isaan nyaatane. \p \v 4 Isaan adoo hin rafiniin dura, namooti qachaa Sodoomii, dargaggeeyyi'ii fi jaarsoleen dhiirti qachaa sanii marti mana san marsane. \v 5 Isaan Loox waamanee, «Namooti galgala kana gara keeti buliisaaf dhufane meet? Akka isaan bukkoonsinu gad nutti baasi» jedhane. \p \v 6 Loox gara isaanii gad bayee, balbala ifi duubaan cufatee, \v 7 «Maganne'ee Obboleeyyan tiyya, waan daba akkasii hin hujina'a! \v 8 Kunoo, ani durra lamaan ta dhiirti ijjumaa bira hin geyin qaba; isaan gad isiniif baasaa akka feetane godha'a. Namoota kana waan tokkolle hin godhina'a; isaan keessummoota tiyya waan te'aneef, ani isaan eeguu qaba» jedhe. \p \v 9 Isaan ammoo deebisanee, «Namicha alagaa kana, asii badi! Waan nuuti goonu ka nutti hintu, ati eennuu? Hantuu namoota san irratti goonu caalaa hin goona» jedhane. Isaan Loox duubatti darbanee, balbala cassiisaaf bira geyane. \v 10 Namooti keessummooti sun ammoo harka ifii gad baafatanee, Loox gara manaa ol seensisanee, balbala cufane. \v 11 Achiin duuba isaan worra balbala manaa duraa san diqqa'aa haga gudda'aatitti ila sipheessanee, isaan balbala dhagguu dadhabane. \s1 Loox Sodoomii Baye \p \v 12 Achiin duuba worri keessummootaa sun Looxiin, «Qachaa kana keessaa ilmaanii fi ijoollee durraa, worra durra teeti kadhateeru yookiin fira dhibii yoo qabaatte as keessaa baasi. \v 13 Nuuti addee tana balleessaarra; iyyati worra addee tanaa irratti gara Mootii Waan Maraa dhikaate guddaa waan te'eef, Mootiin Waan Maraa qachaa kana akka balleessinuuf nu ergeera» jedhane. \p \v 14 Achiin duuba Loox gara worra durra isaa kadhateeruu dhaqee, «Ariifadha'a, addee tana keessaa baya'a; Mootiin Waan Maraa addee tana waan balleessaaruuf qachaa kana keessaa baya'a» jedheen. Worri durra isaa kadhateeru ammoo waan taphatu itti fakkaatte. \p \v 15 Boruyyaa barii ganama ergantooti Waaqaa sun Looxiin, «Ariifadhuu, qachaan kun yennaa badu woliin akka hin banneef, niitii teeti, ijoollee teeti ta durraa lamaan fudhadhuutii addee tanaa bayi» jedhanee Loox ariifachiisane. \p \v 16 Loox ammoo mame; te'ulle Mootiin Waan Maraa waan isa marareef, namooti lamaan sun isa, niitii isaa, ijoollee isaa ta durraa lamaan harka qabanee qachaa keessaa akka baasanu godhe. \v 17 Qachaa keessaa isaan baasaneen duuba, ergamaa Waaqaa keessaa tokkochi, «Jiruu teessan hamburatiisaaf baqadha'a; ifiin duuba hin ilaalina'a! Dhooqa keessatti eessalle'etti hin dhaabbatina'a! Akka hin duuneef gara gaaraa baqadha'a!» jedhe. \p \v 18 Loox ammoo deebisee, «Waawwo'o, Goottota tiyya; \v 19 ani tajaajilaan keessan isin duratti fudhatama dhaggadheera; jiruu tiyyalle fayyisiisaaf arjummaa guddoo naaf gootaneertan. Ani ammoo gara gaaraa baqadhee jalaa bayuu waan hin dandeenneef, badiin tun kara'atti na dhaqqaddee, ani hin du'a. \v 20 Kunoo, qachaan sun itti baqatiisaaf dhikoo jira, qachaa diqqaalle'e. Akkuma isin dhaggitanu qachaa diqqa'aa motii ree? Ani achitti baqadhee jiruun tiyya akka fayyitu naaf godhi» jedheen. \p \v 21 Ergamaan Waaqaa deebisee, «Tole, akkuma ati jette teetu; qachaa jette sanille hin balleessu. \v 22 Haga ati achi geettutti, ani womaa godhee waan hin dandeenneef, ariifadhuu, achi baqadhu» jedheen. \p Qachaan sun diqqaa waan te'eef, maqaan isaa, «Zo'aar\f + \fr 19:22 \fr*\fqa Zo'aar: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Diqqaa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhame. \s1 Badii Sodoomii Fi Gomora'aa \p \v 23 Yennaa Loox Zo'aar gewu, aduun bayiisatti jirtiiyyu. \v 24 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dhakaa bobe'uu fi ibidda qachoota Sodoomii fi Gomora'aa irratti ol-gubbaa irraa akka gad roobu godhe. \v 25 Inni qachoota san, dhooqa san mara, namoota qachaa san keessaa maraa fi waan lafa san irratti lateeru mara balleesse. \v 26 Niitiin Looxii ammoo, gara duubaa ilaaltee, soodduu sooddaa teete. \p \v 27 Abrahaam boruyyaa barii ganama ka'ee, addee dur Mootii Waan Maraa dura dhaabbate dhaqe. \v 28 Inni gara qachaa Sodoomiitii fi Gomora'aa, gara dhooqa Yordaanosii duudii gad ilaalee, aarri akka aara barbada ibiddaa ol ka'uun dhagge. \p \v 29 Waaqi ammoo yennaa qachoota dhooqa Yordaanosii addee Loox le'aa ture balleesse, Abrahaam yaadatee, Loox badii hantuu san jalaa fayyise. \s1 Mo'aabotaa Fi Amoonota \p \v 30 Loox Zo'aar keessa le'uu waan sodaateef, ijoollee durraa ta ifii lamaan fudhatee, gaaratti ol bayee goda keessa le'e. \v 31 Gaafa tokko intalti isaa angafittiin maandhitti'iin, «Abbaan keenna dulloomaara; akka ijoollee qabaannu, nami nu fuudhu tokkolle biyya tana hin jiru. \v 32 Koy, abbaa keenna daadhii woyni'ii obaannee macheessinee, isa irraa sanyii lafa irratti hattu akka dhaggannu, isa woliin rannaa» jette. \v 33 Galgala san isaan abbaa ifii daadhii woyni'ii obaasanee macheessanee, intalti angafittiin ol seentee abbaa ifii woliin ratte; inni yennaa isiin seentee ratte yookiin yennaa isiin kaatelle hin beenne. \p \v 34 Guyyaa lammeesso'oo, intalti angafittiin intala maandhitti'iin, «Kunoo, ani eda abbaa kiyya woliin rafeera; galgala adhaalle daadhii woyni'ii isa obaannee macheessinuu ti; abbaa keenna irraa sanyii lafa irratti hattu akka dhaggannu, atille seeniitii isa woliin rafi» jette. \v 35 Isaan galgala sanille abbaa ifii daadhii woyni'ii obaasanee macheessane; intalti maandhittiille kaatee, isa woliin ratte; inni yennaa isiin seente yookiin yennaa isiin kaatelle hin beenne. \v 36 Akka kanaan ijoolleen durraa ta Looxii lamaanuu abbaa ifiitiif ulfootte. \v 37 Intalti angafittiin ilma deettee, maqaa isaa, «Mo'aab\f + \fr 19:37 \fr*\fqa Mo'aab: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin ka \ft*\fqa Abbaa Kiyya Irraa Dhalate \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jettee baafatte; inni abbaa sanyii Mo'aabota ammaa ti. \v 38 Intalti maandhittiille ilma deettee, maqaa isaa, «Ben-Amii\f + \fr 19:38 \fr*\fqa Ben-Amii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa ilma gosa tiyyaa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jettee baafatte; inni abbaa sanyii Amoonota ammaa ti. \c 20 \s1 Abrahaamii Fi Abiilek \p \v 1 Abrahaam lafa le'aa ture Mamre'ee ka'ee, Qaadeshii fi Shuur wodhakkaa qubate. Qachaa Geraarii keessa alagaa te'ee yennaa le'e, \v 2 Abrahaam niitii ifii Saaraa, «Isiin Obboleettii tiyya» jedhe. Abiimelekiin mootiin Geraarii tana dhage'ee, itti ergee Saaraa fudhate. \v 3 Waaqi ammoo halkan oojju'uun gara Abiimelekii dhufee, «Ati sababa dubartii dhirsa qaddu fudhatteef, ati du'aarta» jedheen. \v 4 Abiimelek ammoo isii bira geyee hin jiruuyyu; maarre inni, «Goottaa kiyya, ani dhugumaan yakkaa hujee hin jiru! Anaa fi kolbaa tiyya hin balleessitaa? \v 5 Abrahaamittuu, anaan, ‹Isiin obboleettii tiyya›, isi'ittuu, anaan, ‹Inni obboleessa kiyya› hin jennee? Ani wodanaa qulqullu'uun waan kana godheera; ani yakkaa hin qabu» jedhe. \p \v 6 Achiin duuba Waaqi, oojju'uun deebisee, «Ee, akka ati wodanaa qulqullu'uun waan kana goote beekeera; tanaaf isii bira geettee akka ati na hin yakkine ka si dhoogge ana. \v 7 Amma ammoo niitii namichaa isaaf deebisi. Inni raagaa waan te'eef, akka ati hin duune, si'iif hin daadimata. Yoo isii hin deebisin ammoo, dhugumaan atii fi kolbaan teeti duudiille akka duutanu beeki» jedheen. \p \v 8 Maarre Abiimelek barii ganamaan ka'ee, qondaaltota ifii mara wolitti waamee, waan kana mara isaanitti hime; isaanille guddoo sodaatane. \v 9 Achiin duuba Abiimelek Abrahaam waamee, «Ati maaf akkas nu goote? Ani maan si yakkinaan anaa fi mootummaa tiyya irratti cubbuu guddoo akkasii fidde? Ati waan hujamu'uuf hin malle na irratti hujje» jedheen. \v 10 Ammalle Abiimelek, Abrahaamiin, «Ati maan yaaddee, waan kana goote?» jedhe. \p \v 11 Abrahaam deebisee, «Addee tana keessa nami Waaqa sodaatu ijjumaa hin jiru; isaan niitii tiyyaaf jedhanee na ijjeesan jedhee waan yaadeef tana godhe. \v 12 Karaa tokkoon, isiin dhugumaan obboleettii tiyya. Haati tiyya hin deenne malee, isiin intala abbaa kiyyaa ti; anille isii fuudhe. \v 13 Yennaa Waaqi akka ani mana abbaa kiyyaatii bayee gara lafa ormaa akka ideemuu na tolche, ani isi'iin, addee dhandhe maratti, ‹Inni obboleessa kiyya› jedhiisaan waan dansaa naaf godhi» jedheeraayyu. \p \v 14 Achiin duuba Abiimelek hoolota, loon, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubartootaa fuudhee Abrahaamiif kenne; niitii isaa Saaraalle isaaf deebisee, \v 15 «Kunoo, latti tiyya duudiin si dura jirti; addee jaalatte qubadhu» jedheen. \v 16 Saaraalle'een, «Kunoo, fuula worra si woliin jiruu mara duratti akka ati yakkaa hin qanne mirkaneessiisaaf, obboleessa keetiif meetii kuma tokko kenneera» jedhe. \p \v 17 Achiin duuba Abrahaam Waaqa daadimate; Waaqille Abiimelekii fi niitii isaa, tajaajiltoota isaa worra dubartootaalle fayyisee, akka isaan ijoollee deyanu godhe. \v 18 Sababa Saaraa niitii Abrahaamiitiif, Mootiin Waan Maraa gadaamessa dubartoota mana Abiimelekii keessaa mara cufeeraayyu. \c 21 \s1 Dhalatiisa Yisihaqii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa akkuma jedhe Saaraa yaadatee, waadaa gale isi'iif muummesse. \v 2 Dullummaa Abrahaamii keessa, yennaa Waaqi isatti dubbatetti, Saaraan ulfoottee ilma isaaf deette. \v 3 Abrahaam ilma Saaraan isaaf deette san, «Yisihaq» jedhee maqaa baase. \v 4 Ilmi isaa Yisihaq dhalatee guyyaa saddeetesso'ootitti, akkuma Waaqi ajajetti, Abrahaam haqanqabaa isa qabe. \v 5 Yennaa Yisihaq dhalate, Abrahaam nama woggaa dhibbaa ti. \v 6 Saaraan, «Waaqi gammadaa fi kolla naaf fideera; nami waan kana dhage'e marti na woliin hin kolla» jette. \v 7 Saaraan itti dabaltee, « ‹Saaraan Abrahaamiif ijoollee deettee hin hoositti fa'a› eentu jedheera? Ani ammoo bara dullummaa isaa keessa ilma deyeef» jette. \p \v 8 Mucaan guddatee, harma irraa gu'e; Abrahaam guyyaa Yisihaq harma irraa gu'e, jila guddoo godhe. \s1 Aggaarii Fi Ishimaa'el Ari'amane \p \v 9 Saaraan ammoo, ilmi Aggaarii Gibxittii sanii, ka isiin Abrahaamiif deette, ilma isi'ii Yisihaq woliin taphatuun dhaggite. \v 10 Maarre Saaraan, Abrahaamiin, «Ilmi garbittii tanaa, ilma kiyya Yisihaq woliin dhaaluu waan hin malleef, garbittii tana ilma isi'ii woliin ari'i» jette. \v 11 Ishimaa'elille ilmuma isaa waan te'eef, dubbiin tun guddoo Abrahaam rakkitte. \v 12 Waaqi ammoo Abrahaamiin, «Marroo muca'aatii fi dubartii garbittii teetiitiif hin rakkatin; karaa Yisihaqiitiin sanyii ani waadaa sii gale waan qabaattuuf, waan Saaraan siin jettu mara godhi. \v 13 Ilmi garbitti'iille ilmuma keetii waan te'eef, ani gosa guddoo isa hin godha» jedhe. \p \v 14 Abrahaam boruyyaa barii ganama ka'ee, daabbo'oo fi bisaan qalqallu'utti guutee dudda isi'iititti ba'achiisee, mucaalle kenneefii ari'e. Isiin achii baatee goomolee Bersheeba'aa keessa joonjite. \v 15 Yennaa bisaan qalqalluu keessaa sun dhumate, Aggaar mucaa tusee takka jalatti lakkittee, \v 16 haga darbata laaye'ee irraa fagaattee teettee, «Yennaa mucaan kiyya du'u, tee'ee hin ilaalu» jette. Adduma teette sanitti iyyitee bowiisa jalqadde. \p \v 17 Waaqille iyya bowiisa muca'aa dhage'e; ergamaan Waaqaalle ol-gubba'aa Aggaar waamee, «Aggaar, maanti si rakkise? Hin sodaatin. Waaqi iyya bowiisa muca'aa dhage'eera. \v 18 Ani gosa guddoo waan isa godhuuf, ka'ii mucaa habbaariitii, harka keetille'een jabeessii isa qabi» jedheen. \v 19 Achiin duuba Waaqi ila isi'ii banee boolla bisaanii dhaggite. Isiin dhaxxee, bisaan qalqallu'utti guuttee, mucaa ifiille obaatte. \v 20 Akkuma mucaan guddataa deemeen Waaqi isa woliin jiraayyu; inni goomolee keessa le'ee, nama adhii guube'eetiin beekkame te'e. \v 21 Inni goomolee Phaaraanii keessa le'e; haati isaalle durra worra Gibxi'ii isa fuusifatte. \s1 Abrahaamii Fi Abiimelek Wolii Galtee Godhatane. \p \v 22 Yennaa san Abiimelek, ajajaa loltuu ifii Fikool woliin dhaqee, Abrahaamiin, «Waaqi waan ati hujju maraan si woliin jira. \v 23 Anaa fi ijoollee tiyya yookiin sanyii tiyya akka hin sonne, akkuma ani si'iif addatame, atille anaa fi lafa alagaa teetee leetuuf addatamummaa akka mudhittu, amma asitti maqaa Waaqaatiin naa kakadhu» jedhe. \p \v 24 Abrahaamille, «Tole, hin kakadha» jedhe. \p \v 25 Abrahaam marroo boolla bisaanii ta tajaajiltooti Abiimelekii fudhatteertuu Abiimelekitti iyyate; \v 26 Abiimelekille, «Kana ka godhe eennu akka te'e ani hin beeku; ati natti hin hinne; haga adhaalle ani hin dhageenne» jedhe. \v 27 Achiin duuba Abrahaam hoolotaa fi loon fuudhee Abiimelekiif kennee, isaan lamaanuu wol gondoorane. \v 28 Abrahaam goromee hoole'ee torba tika san irraa fowe. \v 29 Abiimelekille, Abrahaamiin, «Goromee hoole'ee torba tana ati maaf foote?» jedhe. \p \v 30 Abrahaam deebisee, «Akka ani boolla bisaanii tana qote dhugaa akka naaf baatu, goromee hoole'ee torba tana na irraa fudhadhu» jedhe. \v 31 Tanaaf isaan lamaanuu achitti waan wolii kakataneef, addeen sun, «Bersheebaa\f + \fr 21:31 \fr*\fqa Bersheebaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Boolla bisaan kaku'uu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhante. \p \v 32 Abrahaamii fi Abiimelek Bersheeba'atti wol gondooraneen duuba, Abiimelekii fi ajajaan loltootaa Fikool, ka'anee gara lafa Filisxeemotaa deebi'ane. \v 33 Achiin duuba Abrahaam Bersheeba'atti muka «Tamariiski» jedhamu tokko dhaabee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa bara baraa waammate. \v 34 Abrahaam biyya Filisxeemotaa keessa alagaa te'ee yennaa hedduu le'e. \c 22 \s1 Abrahaam Haga Ilaallatame \p \v 1 Wonni kun teeteen duuba, Waaqi Abrahaam haga ilaale. Inni, «Abrahaam!» jedhee waame. Abrahaamille, «Kunoo as jira» jedhe. \p \v 2 Achiin duuba Waaqi, «Ilma keeti tokkochuma jaalattu san Yisihaq fuudhiitii, lafa Moriiya'aa dhaqi! Gaara ani sitti mudhisu tokko irratti ciincaa godhii isa naaf dhikeessi» jedhe. \p \v 3 Maarre Abrahaam boruyyaa barii ganamaan ka'ee, qoraan ciincaa ittiin ciincessu caffatee, harree ifii fe'atee, ilma ifii Yisihaqii fi tajaajiltoota ifii ta dhiiraa dargaggeeyyii lamaan fudhatee, lafa Waaqi isatti hime dhaqiisaaf kara'atti baye. \v 4 Guyyaa sadeesso'oo Abrahaam ol ilaalee addee san fago'otti dhagge. \v 5 Achiin duuba Abrahaam tajaajiltoota dargaggeeyyii ifiitiin, «Isin harree woliin as tura'a; anii fi mucaan kiyya achi dhandhee, Waaqa waaqonfannee gara keessan hin deebina» jedhe. \p \v 6 Abrahaam qoraan ciincaan ittiin ciinceffamu fuudhee ilma ifii Yisihaqitti ba'achiisee, ifiif ibiddaa fi billowa qabate. Maarre isaan lamaanuu woliin ideemane. \v 7 Yisihaq abbaa ifii Abrahaamiin, «Abbaa!» jedhe; innille, «Ilma kiyya, maan?» jedhe. Yisihaqille, «Ibiddii fi qoraan kunoo ti; ammoo hooleen ciincaa ciincessinu meet ree?» jedhe. \p \v 8 Abrahaam deebisee, «Ilma kiyya, Waaqinuu hoolee ciincaa ciincessinu hin qopheessa» jedhe. Isaan lamaanuu woliin deemiisa itti fufane. \p \v 9 Isaan addee Waaqi isatti mudhise san yennaa geyane, Abrahaam addee ciincaa itti ciincessanu achitti ijaaree, qoraan miidhassee irra naqee, ilma ifii Yisihaq hidhee, qoraan gubbaa irkise. \v 10 Achiin duuba Abrahaam ilma ifii qaliisaaf, billowa fudhatee harka diriirfate. \v 11 Ergamaan Mootii Waan Maraa ammoo ol-gubbaa irraa, «Abrahaam, Abrahaam!» jedhee isaa waame. Abrahaamille, «Kunoo as jira» jedhe. \p \v 12 Ergamaan Mootii Waan Maraalle, «Mucaa hin tuqin yookiin waan tokkolle isa hin godhin; ati ilma keeti tokkochuma san waan naaf hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu beekeera» jedhe. \p \v 13 Abrahaamille adaala ifii ilaalee, korbeessa hoole'ee ka gaafi isaa haxanxari'iin qabameeru tokko dhagge. Inni dhaqee korbeessa fuudhee, addee ilma ifii ciincaa dhikeesse. \v 14 Maarre Abrahaam addee san, «Yaahwee yir'ee\f + \fr 22:14 \fr*\fqa Yir'ee: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Waaqi hin qopheessa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhee moggaase; adhalle namooti, «Mootiin Waan Maraa gaara irratti hin qopheessa» jedhan. \p \v 15 Ergamaan Mootii Waan Maraa ol-gubbaa irraa yennaa lammeesso'oo Abrahaam waamee, \v 16 «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati kana waan gooteef, ilma keeti tokkochuma sanille naaf waan hin mararfatiniif, ani maqaa kiyyaan kakadheera; \v 17 ani dhugumaan si hin eebbisa; sanyii teeti akka urjoota ol-gubba'aatii fi akka maansa abbaaya'aa hin baceessa. Isaan qachoota diinota ifii hin qabatan. \v 18 Ati waan naaf ajajanteef, sanyii teetiin gosi biyya adda addaa marti hin eebbifaman› jedheera» jedhe. \p \v 19 Achiin duuba Abrahaam gara tajaajiltoota dargaggeeyyii ifii ta dhiiraa deebi'ee, isaan woliin ka'ee gara qachaa Bersheeba'aa deebi'anee achi le'e. \s1 Sanyii Naahorii \p \v 20 Wonni kun teeteen duuba, Abrahaam obboleessa isaa Naahoriif, Miilkaan ijoollee akka deette dhage'e; isaanille \v 21 angafichi Uz, obboleessi isaa Buus, Qamu'elii abbaa Aaramii, \v 22 Kesed, Hazoo, Fiildaashi, Yiidlaafii fi Butu'el. \v 23 Butu'el Ribqaa uumate; isaan kana saddeeti, Miilkaan Naahorii obboleessa Abrahaamiitiif deette. \v 24 Gursumeettiin ta «Ri'umaan» jedhantulle Xebaa, Gaaham, Tahashii fi Ma'akaa Naahoriif deette. \c 23 \s1 Du'aa Saara'aa \p \v 1 Saaraan woggaa dhibba tokkoo fi diddamii torba leete. \v 2 Isiin kiriiyat-Arbaa ta «Hebroon» jedhantu, lafa Kana'aanii keessatti duute; Abrahaam isi'iif guddoo gaddee bowe. \p \v 3 Abrahaam reeffa biraa ka'ee, worra Heetotaatiin, \v 4 «Ani orma alagaa odduu teessan le'iisatti jiru; reeffa niitii tiyyaa akka itti awwaaladhu, addee awwaalaa naaf gurgura'a» jedhe. \p \v 5 Isaan deebisanee, Abrahaamiin, \v 6 «Gootta'a, me nu dhage'i; ati nu oddu'utti sooressa gudda'a. Reeffa niitii teetii addee awwaalaa ta nuuti qannu keessaa ta caaltutti awwaaladhu. Nu keessaa nami tokkooyyuu lafa reeffa niitii teetii itti awwaalatu, ka si dhooggu hin jiru» jedhane. \p \v 7 Achiin duuba Abrahaam lafaa ka'ee, kolbaa biyya sanii, worra Heetotaatiif gad jedhee, \v 8 isaaniin, «Ani reeffa niitii tiyyaa akka awwaaladhuuf fedhii teessan eega teete, Efron ilma Zohaarii \v 9 lafa isaa irraa goda Makfela'aa ta irga fichaa isaa akka naa gurguru gaafadha'a. Inni gatii guutu'uun lafa awwaalaa, addee isin jirtanutti naa gurguruu ti» jedhe. \p \v 10 Efroninuu addee wolgeyi'ii karra qacha'aa bira worra Heetotaa dhibii woliin tee'eeraayyu. Efroniin nama biyya Heetii kunille, Heetoti, worri achi jiranu marti adoo dhage'anuu, Abrahaamiin, \v 11 «Waawwo'o, goottaa kiyya, na dhage'i. Ani ficha'aa fi goda fichaa keessaalle kolbaan tiyya duratti si'iif kenna. Reeffa niitii teetii itti awwaaladhu» jedhe. \p \v 12 Abrahaam ammoo kolbaa lafa sanii duratti gad jedhee, \v 13 isaan marti adoo dhage'anuu, Efroniin, «Yoo fedhii teeti teetee, na dhageette, ani gatii ficha'aa hin kenna, anarraa fudhadhu; anille reeffa niitii tiyyaa achitti awwaaladha» jedhe. \p \v 14 Efron deebisee, Abrahaamiin, \v 15 «Goottaa kiyya, na dhage'i; cittuun lafaa ta meetii dhibba afurii baattu si'ii fi ana oddu'utti maan isiin? Reeffa niitii teetii itti awwaaladhu» jedhe. \v 16 Abrahaamille dubbii Efronii fudhatee, haguma Efron adoo worri Heetota dhage'uu dubbate san, meetii dhibba afurii akkuma madaallii daldaltootaatitti madaalee kenneef. \p \v 17 Akka kanaan latti Efronii ta Makfelaa keessaa, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtu, fichaan sun goda isa keessa jirtuu fi mukoota irra jiranu mara woliin dabarfamee \v 18 addee worri Heetotaa duudiin karra qachaa sanii keessatti wolitti qabamane duratti qabeenna Abrahaamiif te'e. \v 19 Achiin duuba, Abrahaam reeffa niitii ifii Saara'aa goda fichaa Makfelaa keessaa, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtu, lafa Kana'aanii Hebroon keessatti awwaale. \v 20 Maarre ficha'aa fi godi fichaa keessa jirtu, ta worra Heetotaa, lafa awwaalaa, qabeenna Abrahaamii teete. \c 24 \s1 Yisihaqii Fi Ribqaa \p \v 1 Yennaa san Abrahaam guddoo dulloomeeraayyu; Mootiin Waan Maraalle waan maraan isa eebbiseera. \v 2 Abrahaam namoota mana isaa keessaa tajaajilaa ifii ka irra caalaa jaarsichaa, ka waan inni qabu mara irratti baalli qabuun, «Kakatiisaaf harka keetiin gudeeda kiyya qabadhu.\f + \fr 24:2 \fr*\fqa Gudeeda kiyya qabadhu: \fqa*\ft Akka aadaa worra Ibrootaatitti gudeeda qabatiis kakuu hin diiganne mudhisa.\ft*\f* \v 3 Ati dubartoota worra Kana'aanii worra ani odduu isaanii le'u kana keessaa, ilma kiyya akka hin fuusinneef, Mootii Waan Maraa Waaqa ol-gubba'aa fi lafaatiin si kakachiisa! \v 4 Ammoo gara biyya tiyyaatii fi gosa tiyyaa deemiitii ilma kiyya Yisihaqiif niitii barbaadii fidi» jedhe. \p \v 5 Ammoo tajaajilaan sun, Abrahaamiin, «Intalti na faana biyya tana dhufuu hin barbaaddu fa'a te'a; yoos ilma keeti lafa ati keessaa dhuttetti deebisuu?» jedhee gaafate. \p \v 6 Abrahaam deebisee, «Waawwo'o, ilma kiyya akka achi hin geessine ifi eeggadhu! \v 7 Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa, ka mana abbaa kiyyaatii fi lafa itti dhaladhe keessaa na baasee, ‹Lafa tana sanyii teetiif hin kenna› jedhee natti dubbatee naaf kakate, inni ergamaa ifii si'iin dura hin erga; atille niitii ilma kiyyaaf achii barbaaddee hin fidda. \v 8 Intalti si faana dhufiisa yoo hin fedhin ammoo, ilma kiyya achi hin geessin malee, ati kakuu tana irraa bilisa» jedhe. \v 9 Maarre tajaajilaan sun harka ifiitiin gudeeda Abrahaamii goottaa ifii qabatee, waan Abrahaam isa gaafate san godhiisaaf kakate. \p \v 10 Achiin duuba tajaajilaan sun gaalota goottaa ifii keessaa kudhan fuudhee, kennansa dadansaa goottaa ifii itti fe'ee, gara qachaa Naahor keessa le'uu, Aaram biyya bisaan lama oddu'uu dhaqe. \v 11 Inni yennaa achi geye, qacha'aan alatti gaalota boolla bisaanii takka biratti jijilbiissise; yennaan sunille gara galgalaa yennaa dubartooti bisaan woraabbatiisaaf baatu. \v 12 Inni daadimatee, «Mootii Waan Maraa, Waaqa goottaa kiyya Abrahaamii, adha yaada kiyya naa guutii, goottaa kiyya Abrahaamiifille jaalala keeti ka bara baraa mudhisi. \v 13 Kunoo, ani boolla bisaanii tana bira dhaabbatiisatti jira; durri kolbaa qachaa kanaalle bisaan woraabbatiisaaf as dhufiisatti jiran. \v 14 Isaan keessaa takkatti'iin, ‹Maganne'ee, bisaan unaa, okkotee teeti gad naaf qabi› hin jedhaan; isiille, ‹Uni, ani gaalota keetille hin obaasa› yoo anaan jette, isiin tun ta ati garbicha keeti Yisihaqiif filatte teetuu ti. Tanaan ani akka ati jaalala keeti ka bara baraa goottaa kiyya Abrahaamiif mudhitte hin beeka» jedhe. \p \v 15 Inni adoo daadimatee hin fixinuu, Ribqaan okkotee ba'attee dhutte; isiin intala Batu'elii ti; Batu'el ilma Naahorii obboleessa Abrahaamii ti; haati isaa Miilka'a. \v 16 Isiin durra banti'ii, guddoo shaggitti'i; nami tokkolle isii bira geyee hin jiru. Isiin gara boolla bisaanii gad buutee, okkotee ifii guutattee ol deebite. \v 17 Achiin duuba tajaajilaan sun ariiti'iin gara isi'ii dhaqee, «Maganne'ee, okkotee teeti keessaa bisaan diqqaa isaa na obaas» jedhe. \p \v 18 Isiin, «Goottaa kiyya, uni» jettee, ariifattee okkotee ifii harkatti gad buufattee, isa obaatte. \v 19 Inni dheebuu bayeen duuba, isiin, «Gaalota keetiifille haga isaan dheebuu bayanutti hin woraabaaf» jetteen. \v 20 Maarre isiin ariifattee bisaan okkotee keessaa goonga'atti\f + \fr 24:20 \fr*\fqa Goongaa: \fqa*\ft Yookiin Gonboo jedhama.\ft*\f* naxxee, haga gaaloti isaa dheebuu bayanutti, ammalle woraabiisaaf gara boollaa rukkitte. \v 21 Namichille, waan inni dhaqeef, akka Mootiin Waan Maraa isaaf milkeesse mirkaneeffatiisaaf, cadhisee isii ilaale. \p \v 22 Gaaloti isaa yennaa dheebuu bayane, qubee worqi'ii gara giraama shanii teetu, ta funnaanitti keyatanu, irmuura worqi'ii lama ka gara giraama dhibba tokkoo fi kudhan te'u akka harkatti keyattuuf fuudhee, \v 23 «Ati intala eennuu ti? Maganne'ee natti himi; anii fi worri na woliin jiru akka bulluuf mana abbaa keetii keessa addeen bulti'ii jirtii?» jedhe. \p \v 24 Isiin deebittee, «Ani intala Batu'elii ti; inni ilma Miilkaan Naahoriif deette» jette. \v 25 Isiin itti dabaltee, «Nuuti hicaace'ee fi buuyyoo okeyaa bacaa, addee bulti'iille hin qanna» jette. \p \v 26 Achiin duuba namichi gad jedhee Mootii Waan Maraatiif sagadee, \v 27 «Mootiin Waan Maraa addatamumma'aa fi jaalala ifii ka bara baraa goottaa kiyya Abrahaamiif eege, Waaqi goottaa kiyya Abrahaamii leellifamuu ti. Ideensa kiyya irratti na sooressee gara mana worra goottaa kiyya Abrahaamii ka na fide isa» jedhe. \p \v 28 Achiin duuba intalti rukkittee, waan te'e mara namoota mana haadha isi'iititti hinte. \v 29 Ribqaan obboleessa, «Laabaan» jedhamu tokko qaddiiyyu; inni gara namicha addee boolla bisaanii jiruu rukke'een bayee, \v 30 qubee funnaaniitii fi irmuura harka obboleettii ifii irratti dhaggee, waan namichi isi'iin jedhelle hintuun dhage'ee, gara namichaa dhaqee boolla bisaanii cinaa gaalota bira dhaabbatuun isa dhagge. \v 31 Laabaan, namichaan, «Ati nama Mootiin Waan Maraa eebbise, koy gara manaa dhandhaa, maaf ala as dhaabbatta? Si'iif mana qopheesseera; gaalota keetille'eef addee qopheesseera» jedhe. \p \v 32 Maarre namichi gara manaa dhaqe; Laabaalle fe'iisa gaalota irraa hiikee, hicaace'ee fi buuyyoo okeyaa kenneef. Achiin duuba namichaa fi worra isa woliin jiranuuf bisaan miilaa kenne. \v 33 Yennaa sagaleen dhikaate, namichi ammoo, «Waan dhufeef haga himutti hin nyaadhu» jedhe. \p Laabaan, «Nutti himi ree» jedheen. \p \v 34 Maarre inni, «Ani tajaajilaa Abrahaamii ti. \v 35 Mootiin Waan Maraa waan maraan goottaa kiyya guddoo eebbisee duroonseera. Inni hoole'ee fi re'ee, loon, meeti'ii fi worqii, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii, gaalotaa fi harreelee isaaf kenneera. \v 36 Saaraan niitiin goottaa kiyyaalle dullummaa keessa ilma isaaf deetteerti; goottaan kiyyalle waan qabu mara ilma saniif kenneera. \v 37 Goottaan kiyya na kakachiisee, ‹Lafa Kana'aanii, ta ani keessa le'u keessaa ilma kiyya niitii hin fuusisin; \v 38 ammoo gara kolbaa abbaa kiyyaa, gara fira kiyyaa dhaqiitii, niitii ilma kiyyaaf fidi› jedhe. \v 39 Anille goottaa kiyyaan, ‹Yoo intalti na faana dhufuu dhadde maan godha?› jedhee gaafadhe. \v 40 Inni deebisee, ‹Mootiin Waan Maraa ka ani yennaa mara tajaajile, ergamaa ifii si woliin ergee ideensa keeti hin milkeessa, atille kolbaa abbaa kiyyaatii fi fira kiyya keessaa ilma kiyyaaf niitii hin fidda. \v 41 Ati yennaa gara fira kiyyaa dhaxxee, yoo isaan intala sitti kennuu didanelle, ati kakuu tiyya irraa bilisa hin teeta› anaan jedhe. \p \v 42 «Ani adha gara boolla bisaanii yennaa dhufe, ‹Mootii Waan Maraa, Waaqa Abrahaamii goottaa kiyyaa, yoo fedha keeti teete, waan ani dhufeef kana naa milkeessi. \v 43 Ani boolla bisaanii bira as dhaabbatiisatti jira; intala bisaan woraabbatiisaaf dhuttu takkaan, «Maganne'ee okkotee teeti keessaa bisaan diqqaa isaa na obaas» jedhee hin gaafadha; \v 44 isiille anaan, «Uni, gaalota keetille'eef hin woraaba» yoo jette, isiin ta Mootiin Waan Maraa ilma goottaa kiyyaatiif file teetuu ti› jedhe. \v 45 Ani gadhaa kiyya keessatti daadimadhee adoo hin fixinuu, Ribqaan okkotee ifii ba'atte dhutte; isiin gara boolla bisaanii gad dhaxxee bisaan woraabbatte. Anille isi'iin, ‹Maganne'ee bisaan na obaas› jedheen. \v 46 Isiin ariifattee okkotee ifi irraa gad buufattee, ‹Uni, gaalota keetille hin obaasa› jette. Maarre ani unee, isiin gaalotalle obaatte. \v 47 Ani, ‹Ati intala eennuu ti?› jedhee gaafannaan, isiin, ‹Ani intala Batu'elii ilma Naahorii ti; haati isaa Miilka'a› jette. Achiin duuba ani qubee funnaan isi'iititti, irmuura harkatti keyee, \v 48 gad jedhee Mootii Waan Maraatiif sagade. Mootii Waan Maraa, Waaqa Abrahaamii goottaa kiyyaa, ka intala obboleessa goottaa kiyyaa fuudhee ilma isaatiif akka ani geessuuf na sooresse leellise. \v 49 Amma, gadhi-laafumma'aa fi addatamummaa goottaa kiyyatti yoo mudhittanu teete, natti hima'a; yoo hin mudhinne teetelle natti hima'a; anille waan godhu hin murteeffadha» jedhe. \v 50 Achiin duuba Laabaanii fi Batu'el, «Wonni kun Mootii Waan Maraa irraa waan dhutteef, nuuti waan tokkolle jedhiisa hin dandeennu. \v 51 Kunoo, Ribqaan fuula keeti dura jirti; fudhadhuu deemi. Akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, isiin niitii ilma goottaa keetii teetuu ti» jedhane. \v 52 Tajaajilaan Abrahaamii sun yennaa waan isaan jedhane kana dhage'e, gad jedhee Mootii Waan Maraatiif sagade. \v 53 Achiin duuba tajaajilaan Abrahaamii faaya meeti'iitii fi worqi'iitii, woyootalle fidee Ribqa'aaf kenne; inni kennansa gatii guddo'oo obboleessa isi'iitii fi haadha isi'iitiif kenne. \p \v 54 Achiin duuba innii fi namooti isa woliin jiranu nyaatanee unanee, achuma bulane. Isaan yennaa boruyyaa ganama ka'ane, tajaajilaan Abrahaamii, «Gara goottaa kiyyaa akka deebi'u, na geegessa'a» jedhe. \p \v 55 Obboleessi isi'iitii fi haati isi'ii ammoo, «Intalti guyyuma kudhan nu woliin turtuu ti; achiin duuba deemuu dandeetti» jedhane. \p \v 56 Inni ammoo isaaniin, «Eega Mootiin Waan Maraa deemmaa tiyya naa milkeesse, na hin tursina'a; gara goottaa kiyyaa akka dhaquuf na geegessa'a» jedheen. \p \v 57 Isaan deebisanee, «Me, intala waannee waan isiin jettu gaafanna» jedhane. \v 58 Maarre isaan Ribqaa waamanee, «Namicha kana woliin hin deentaa?» jedhanee gaafatane. \p Isiin, «Ee, hin deema» jette. \p \v 59 Maarre isaan Ribqaa obboleettii isaanii, guddittuu isi'ii woliin, tajaajilaa Abrahaamiille namoota isaa woliin geegessane. \v 60 Isaan, Ribqaa eebbisanee, \q1 «Obboleettii teenna, haadha kuma heddu'uu te'i; \q2 sanyiin teeti qachaa diinota ifii qabatanuu ti» jedhane. \m \v 61 Achiin duuba Ribqa'aa fi durri tajaajiltooti isi'ii gaala ifii irra tee'anee, tajaajilaa Abrahaamii woliin deemiisaaf ka'ane. Maarre inni Ribqaa fuudhee deeme. \p \v 62 Yisihaq yennaa san gara boolla bisaanii ta, «Be'er-Lahaayi-Ro'i\f + \fr 24:62 \fr*\fqa Be-er-Lahaayi-Ro'i: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Baleessa Waaqa jiraataa na dhagguu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhantuu dhufee, lafa goomolee «Negeb\f + \fr 24:62 \fr*\fqa Negeb: \fqa*\ft Lafa kibba Kana'aanii ti.\ft*\f*» jedhantu keessa le'iisatti jiraayyu. \v 63 Inni gaafa tokko galgala alatti bayee, yaadaan qabamee adoo deemuu, gaalota dhufiisatti jiranu dhagge. \v 64 Ribqaalle yennaa Yisihaq dhaggite, gaala ifii irraa gad buutee, \v 65 «Namichi diida keessa as nutti dhufiisatti jiru sun eennu?» jettee tajaajilaa Abrahaamii gaafatte. \p Tajaajilaan deebisee, «Inni ilma goottaa kiyyaa ti» jedhe. Maarre isiin shaashii ifii fudhattee fuula ifii buqatte\f + \fr 24:65 \fr*\fqa Buqatte: \fqa*\ft Yookiin hagooggatte.\ft*\f*. \p \v 66 Tajaajilaalle waan godhe mara Yisihaqitti hime. \v 67 Achiin duuba Yisihaq isii fidee gara dunkaana Saaraa haadha ifii seensifate. Inni Ribqaa fuudhee, isiille niitii isaa teete; inni isii jaalatee, gadda haadha ifii irralle'ee jajjabaate. \c 25 \s1 Abrahaam Niitii Dhibii Fuudhe \r (1 Dab. 1:32-33) \p \v 1 Abrahaam niitii dhibii ta, «Qexuuraa» jedhantu fuudhe. \v 2 Isiin Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishibaakii fi Shuwaa isaaf deette. \v 3 Yokshaan Sheeba'aa fi Dedaan uumate; sanyii Dedaanii Ashuriim, Letushiimii fi Le'umiim. \v 4 Ilmaan Miidiyaanii Efaa, Efer, Henok, Abiidaa fi Elda'a. Isaan kun martinuu ilmaan Qexuura'aa ti. \p \v 5 Abrahaam waan qabu mara Yisihaqiif kenne. \v 6 Ammoo adoo jiruu, ilmaan dubartooti dhibiin isaa deetteef kennansa kenneefii, gara lafa baya adu'uu Yisihaq irraa akka isaan fagaatanu godhe. \s1 Du'a Abrahaamii \p \v 7 Barri Abrahaam le'e woggaa dhibbaa fi torbaatamii shan. \v 8 Abrahaam guddoo dulloomee, baralle quufee, gara worra isaa ka addee dhuga'aa jiruu gale. \v 9 Ilmaan isaa Yisihaqii fi Ishimaa'el goda Makfela'aa fichaa Efronii ilma Zohaarii Heetichaa, ka Mamree irraa gara aduun baatuu san keessatti isa awwaalane. \v 10 Abrahaam fichaa san worra Heetotaa irraa bitate; inni niitii ifii Saaraa biratti achitti awwaalame. \v 11 Abrahaam du'een duuba Waaqi ilma isaa Yisihaq eebbise. Yisihaqille «Be'er-Lahaayi-Ro'i»\f + \fr 25:11 \fr*\fqa Be-er-Lahaayi-Ro'i: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Baleessa Waaqa jiraataa na dhagguu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* addee jedhantu baleessa bisaanii bira le'e. \s1 Sanyii Ishimaa'elii \p \v 12 Hiddi dhaloota sanyii Ishimaa'elii, ta Aggaariin nama biyya Gibxi'ii, tajaajiltuun Saara'aa, Abrahaamiif deette, \v 13 ilmaan Ishimaa'el uumate, akka gogeessa dhaloota isaaniititti asii gaditti galmowaneeran. Isaanille ilma Ishimaa'elii angaficha Nabaayoot, Qedaar, Adbi'el, Miibsaam, \v 14 Miishimaa, Dumaa, Maasaa, \v 15 Hadaad, Temaa, Yetuur, Nafiishii fi Qedimaas. \v 16 Ilmaan Ishimaa'elii tun, abbootii gosa kudhanii lamaa ti; maqaan isaanii ollootaa fi addee quttuma isaaniitiin waamama. \v 17 Ishimaa'el woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'ee du'e. \v 18 Sanyiin Ishimaa'elii biyya Gibxii irraa gara aduun baatu, karaa Asoor geessu, Awiila'aa fi Shuur odduu le'ane; isaan sanyii Abrahaamii dhibii woliin diinumma'aan wol irraa fagaatanee le'aniiyyu. \s1 Dhaloota Esaawu'uutii Fi Yaaqoobii \p \v 19 Hiddi dhaloota sanyii Yisihaqii ilma Abrahaamii kana: Abrahaam Yisihaq uumate. \v 20 Yisihaqille nama woggaa afurtamaa yennaa te'e, Ribqaa fuudhe; isiin intala Batu'elii, obboleettii Laabaanii worra Sooriya'aa ka Aaram biyya bisaan lama oddu'uu keessa le'uu ti. \v 21 Ribqaan maseena waan teeteef, Yisihaq marroo isi'iitiif Mootii Waan Maraa daadimate. Mootiin Waan Maraalle daadimata isaa dhage'ee, niitiin isaa Ribqaan ulfootte. \v 22 Isiin lakkuu waan ulfootteef, Annoolleen gadhaa isi'ii keessatti wol dhiibane; isiille, «Wonni akkasii maaf na irratti teete?» jettee, Mootii Waan Maraa gaafatte. \p \v 23 Mootiin Waan Maraa si'iin, \q1 «Gosa biyya adda addaa lamatti \q2 gadaamessa keeti keessa jira; \q2 isaan woliif diina hin te'an. \q1 Gosi takkaan taan caalaa hin jabaatti; \q2 angafi maandhicha hin tajaajila» jedhe. \m \v 24 Yennaan isiin deettu geennaan, Rebqaan lakkuu deette. \v 25 Ka dura dhalate diimaa, nafi isaa duudiin woyaa dabbasittii waan fakkaattuuf, maqaa isaa, «Esaawuu\f + \fr 25:25 \fr*\fqa Esaawu: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Dabbasicha \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhane. \v 26 Annuun lammeesso'oo yennaa dhalate, jimuu Esaawuu waan qabateeruuf, maqaa isaa, «Yaaqoob\f + \fr 25:26 \fr*\fqa Yaaqoob: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Gufachiisaa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhane. Yennaa isaan dhalatane san Yisihaq nama woggaa jaatamaa ti. \p \v 27 Ijoolleen yennaa guddatte, Esaawu nama adamoo beeku, ka ala oolu te'e; Yaaqoob ammoo nama cadhisaa qe'ee oolu te'e. \v 28 Yisihaq, bineensa Esaawu adamsee ijjeesu waan nyaatuuf isa jaalate; Ribqaan ammoo Yaaqoob jaalatte. \p \v 29 Gaafa tokko Yaaqoob unata\f + \fr 25:29 \fr*\fqa Unata: \fqa*\ft worri gariin ittoo jedha.\ft*\f* bilcheeffatuun, Esaawu guddoo beelowee adamoo irraa dhufee, ol seenee, \v 30 Yaaqoobiin, «Ani waan gaggabeeruuf, unata diimaa kana irraa naa kenni» jedhe. Tanaaf inni, «Edoom\f + \fr 25:30 \fr*\fqa Edoom: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Diimaa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhame. \p \v 31 Yaaqoob deebisee, «Ati dursii angafummaa teeti natti gurgur» jedheen. \p \v 32 Esaawulle, «Kunoo, ani amma beelaan du'aara; angafummaan tun maan naa gooti» jedheen. \p \v 33 Yaaqoob ammoo, «Dursii naa kakadhu» jedhe. Maarre inni isaaf kakatee angafummaa ifii Yaaqoobitti gurgurate. \p \v 34 Achiin duuba Yaaqoob daabbo'oo fi ittoo san kenneefii, inni nyaatee unee, ka'ee deeme. Akka kanaan Esaawu angafummaa ifii tuffate. \c 26 \s1 Yisihaq Qachaa Geraarii Keessa Le'e \p \v 1 Beela bara Abrahaamii biyyatti buute malee, beelti dhibiin biyyatti buute. Yisihaqille gara Abiimelekii mootii Filisxeemotaa, qachaa Geraarii dhaqe. \v 2 Mootiin Waan Maraa Yisihaqitti mudhatee, «Lafa ani akka ati keessa leetu sitti himu keessa le'i malee, gara biyya Gibxi'ii gad hin bu'in. \v 3 Lafuma tana keessa turi! Anille si woliin hin jiraadha; si'ille hin eebbisa. Ani lafa tana mara si'ii fi sanyii teetii kennee, kakuu abbaa keeti Abrahaamiif kakadhe hin muummessa. \v 4 Ani sanyii teeti akka urjoota gubba'aa baceessee, lafa tana maralle isaanii hin kenna; gosi adda addaa ta lafa irraa martinuu karaa sanyii teetiitiin hin eebbifanti. \v 5 Sababa Abrahaam naaf ajajamee, ajaja kiyya, seerata kiyyaa fi seera kiyya eegateef, ani si hin eebbisa» jedhe. \p \v 6 Maarre Yisihaq Geraar keessa le'e. \v 7 Namooti addee sanii marroo niitii isaa yennaa isa gaafatane, «Isiin obboleettii tiyya» jedhe; isiin dansittii waan teeteef, namooti addee sanii Ribqa'aaf jedhanee na ijjeesan jedhee, «Isiin niitii tiyya» jedhuu sodaate. \v 8 Yisihaq yennaa hedduu achi tureen duuba, gaafa tokko mootiin Filisxeemotaa Abiimelek foddaa manaatiin gad ilaalee, Yisihaq niitii ifii Ribqa'atti riiqatuun\f + \fr 26:8 \fr*\fqa Riiqatuun: \fqa*\ft Yookiin rirrigatuu.\ft*\f* dhagge. \v 9 Tanaaf Abiimelek isa waansisee, «Dhugumaan isiin niitii teeti! Ati maaf, ‹Isiin obboleettii tiyya› jette ree?» jedhee isa gaafate. \p Inni deebisee, «Sababa isi'iitiif na ijjeesan jedhee yaadee ti» jedhe. \p \v 10 Abiimelekille, «Wonni ati nu irratti hujje kun maan? Namoota keessaa tokko niitii teeti woliin silaa diqquma hin rafin hafe; nu'ulle yakkaameyyii gootee dhadde» jedhe \v 11 Achiin duuba Abiimelek, ajaja baasee, «Eennulle namicha kana yookiin niitii isaalle yoo tuqe ijjeefamuu ti» jedhee namoota mara ifi eeggachiise. \p \v 12 Yisihaq lafa sanitti midhaan facaasee, wogguma san dachaa dhibba galfate; Mootiin Waan Maraa waan isa eebbiseef, \v 13 inni dureessa te'ee, haga guddoo tujaara te'utti tujaarummaan isaa ittuma guddataa ideente. \v 14 Inni loon, hoolota, re'ootaa fi tajaajiltoota hedduu waan qabuuf, worri Filisxeemotaa isa hinaafe. \v 15 Tanaaf isaan boolla bisaanii ta adoo abbaan Yisihaqii Abrahaam jiruu, tajaajiltooti Abrahaamii qotane mara biyyee itti guutanee duuchane. \v 16 Achiin duuba Abiimelek, Yisihaqiin, «Ati nu caalaa guddoo hunnaamessa teeteerta, nu irraa deem» jedheen. \v 17 Maarre Yisihaq achii deemee, dhooqa Geraarii keessa qubatee, achi le'e. \v 18 Yisihaq boolla bisaanii ta tajaajiltooti Abrahaamii abbaa isaa qotaneeranu, ta worri Filisxeemotaa Abrahaam du'een duuba duuchane, deebisee qochisiisee, maquma abbaan isaa dur baase innille itti baase. \p \v 19 Tajaajiltooti Yisihaqii dhooqa san keessa qotanee madda bisaanii dhaggatane. \v 20 Tissitooti worra Geraarii, «Bisaan kun keenna» jedhanee, tissitoota Yisihaqii woliin wol falmane. Waan isaan bisaan wol falmaneef, Yisihaq maqaa boolla bisaanii san, «Eseeq»\f + \fr 26:20 \fr*\fqa Eseeq: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Falmuu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* jedhee baase. \p \v 21 Achiin duuba tissitooti Yisihaqii boolla bisaanii dhibii qotanee, isii irralle'etti falmii kaasane; maarre Yisihaq boolla bisaanii san, «Sixinaa\f + \fr 26:21 \fr*\fqa Sixinaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Diinummaa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhee, maqaa baase. \v 22 Inni achi irra dabaree boolla bisaanii dhibii qochisiise; isii irratti isaan wol falmii hin kaanne. Maarre inni boolla bisaanii san, «Amma Mootiin Waan Maraa addee badhoo nuu kenneera; nuutille lafa tana keessatti hin horra» jedhee, maqaa boolla bisaanii san, «Rehobot»\f + \fr 26:22 \fr*\fqa Rehobot: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin: \ft*\ft Addee Badhoo \ft*\ft jechu'u.\ft*\f* jedhee baase. \p \v 23 Yisihaq achii ka'ee, gara qachaa Bersheeba'aatitti ol baye. \v 24 Mootiin Waan Maraa gaafuma san halkan, isatti mudhatee, «Ani Waaqa abbaa keeti Abrahaamii ti; ani si woliin waan jiruuf, hin sodaatin. Tajaajilaa kiyya Abrahaamiif jedhee si hin eebbisa; sanyii teetille hin baceessa» jedhe. \v 25 Maarre Yisihaq achitti addee ciinca'aa ijaaree, maqaa Mootii Waan Maraa waammate; inni achitti qubatee, tajaajiltooti isaalle boolla bisaanii achitti qotane. \s1 Wolii Galtee Yisihaqii Fi Abiimelekii \p \v 26 Achiin duuba Abiimelek, gorsaa ifii Ahuzaatii fi ajajaa loltoota ifii Fikool woliin qachaa Geraariitii bayee gara Yisihaqii dhufe. \v 27 Yisihaq isaaniin, «Ana jibbitanee eega na ariitane, isin maaf gara kiyya dhuttane ree?» jedhe. \p \v 28 Isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa akka si woliin jiru qulleeffannee dhaggineerra; tanaaf kaku'uun wolii galtee godhatuu barbaanna. Gondooroon si woliin nuuti godhuu barbaannu \v 29 akkuma nuuti adoo si hin tuqin, waan dansaa sii goonee, nageyaan si lakkinne, akka atille nu hin miine. Amma Mootiin Waan Maraa si eebbiseera» jedhane. \v 30 Achiin duuba Yisihaq sagalee isaaniif qopheessee, isaanille nyaatanee unane. \v 31 Boruyyaa bari'iin ganama ka'anee, woliif kakatane; Yisihaqille isaan geegessee, nageyaan isa biraa deemane. \p \v 32 Guyyuma san tajaajiltooti Yisihaqii dhufanee, marroo boolla bisaanii ta qotane sanii isatti himanee, «Bisaan dhaggineerra» jedhane. \v 33 Inni boolla bisaanii san, «Sheebaa\f + \fr 26:33 \fr*\fqa Sheebaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Kakuu Yookiin Torba \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhee maqaa baase. Maqaan qachaa sanii tanaaf haga adhaa, «Bersheebaa» jedhamee waamama. \s1 Esaawu Durra Ormaa Fuudhe \p \v 34 Esaawu yennaa woggaa afurtama geye, Yoditii intala Berii nama gosa Heetiitii fi Basmaatii intala Eloonii nama gosa Heetii fuudhe. \v 35 Dubartooti tun Yisihaqii fi Ribqa'atti gadda guddaa fidane. \c 27 \s1 Yisihaq Yaaqoob Eebbise \p \v 1 Yisihaq dulloomee yennaa ilti isaa baararroottetti\f + \fr 27:1 \fr*\fqa Baararrootetti: \fqa*\ft Yookiin garjitett.\ft*\f*, ilma isaa angaficha Esaawu waamee, «Ilma kiyya» jedheen. \p Innille deebisee, «Kunoo, ani as jira» jedhe. \p \v 2 Yisihaq, «Kunoo, ani dulloomeera; guyyaa du'a tiyyaalle hin beeku. \v 3 Tanaaf, meya adamo'oo keeti, korojoo teeti, guube'ee fi daaya keeti fudhadhuu bayii bineensa naaf adansi. \v 4 Dhandhama ani jaaladhu qopheessiitii naa fidi; ani nyaadhee, adoo hin du'iniin dura akka si eebbisu naaf dhikeessi» jedheen. \p \v 5 Yennaa Yisihaq ilma ifii Esaawutti dubbate san Ribqaan dhage'iisatti jirtiiyyu. Maarre yennaa Esaawu bineensa adansiisaaf baye, \v 6 Ribqaan ilma ifii Yaaqoobiin, «Abbaan keeti obboleessa keeti Esaawu'utti dubbatuun ani dhage'eera; \v 7 inni, ‹Bineensa adansiitii, dhandhama ani jaaladhu qopheessiitii naa dhikeessi; ani nyaadhee, adoo hin du'iniin dura Mootii Waan Maraa duratti si hin eebbisa› jedhe. \v 8 Amma, ilma kiyya, naaf ajajamii waan ani sitti himu godhi. \v 9 Dhandhama abbaan keeti jaalattu akka qopheessuuf, gara re'ee teennaa dhaqiitii buruusoo lama fidi. \v 10 Achiin duuba inni adoo hin du'iniin dura akka si eebbisu, abbaa keetiif fuutee dhikeessita» jette. \p \v 11 Yaaqoob haadha ifii Ribqa'aan, «Kunoo, obboleessi kiyya Esaawu nafi isaa dabbasicha; nafi kiyya ammoo mucucaataa dabbasaa hin qanne. \v 12 Dedha fa'a\f + \fr 27:12 \fr*\fqa Dedha fa'a: \fqa*\ft Yookiin akka wotoolle hin jedhama.\ft*\f* abbaan kiyya yoo na qaqqabee ilaale, ani waan isatti murge fakkaadhee, eebba adoo hin te'in abaarsa ifitti fida» jedhe. \p \v 13 Ribqaan deebittee, «Ilma kiyya, abaarsa keeti ani hin fudhadha; akka ani jedhe godhiitii, deemii buruusota naa fidi» jette. \v 14 Maarre inni dhaqee buruusota gara haadha ifii fide; haati isaalle akkuma abbaan isaa jaalatutti dhandhama qopheessite. \v 15 Achiin duuba isiin woyaa Esaawuu ilma isi'ii angafichaa adduu ta mana jirtu fuutee, ilma maandhicha Yaaqoobitti uffitte. \v 16 Isiin gogaa buruusoo re'e'eelle harka isaatii fi morma isaa mucucaata'atti uffitte. \v 17 Isiin dhandhamaa fi daabboo qopheessitelle ilma ifii maandhicha Yaaqoobitti kennite. \p \v 18 Yaaqoob gara abbaa ifii dhaqee, «Abbaa» jedheen. \p Innille deebisee, «Kunoo, ani as jira, ati ilma kam?» jedhe. \p \v 19 Yaaqoob abbaa ifiitiin, «Ani Esaawuu ilma keeti angaficha; ani akka ati jette godheera. Ol jedhii tee'iitii, akka na eebbittu, foon ani adansee fide nyaadhu» jedhe. \p \v 20 Yisihaq, «Ilma kiyya, attam akkas ariifattee dhaggatte?» jedhee gaafate. \p Innille deebisee, «Mootii Waan Maraa Waaqa keetitti na milkeesse» jedhe. \p \v 21 Yisihaq, «Ani si qaqqabee, dhugumaan ilma kiyya Esaawu akka teete yookiin hin te'in akka beekuuf, as dhikaadhu» jedhe. \p \v 22 Yaaqoob gara abbaa ifii Yisihaqii dhikaate; innille isa qaqqabee, «Qoonqoon, qoonqoo Yaaqoobii ti; harki ammoo harka Esaawuu ti» jedhe. \v 23 Harki isaa dabbasicha akka harka obboleessa isaa Esaawuu waan te'eef, abbaan isaa isa beekuu hin dandeenne. Tanaaf inni isa eebbisiisaaf jedhee, \v 24 «Ati dhugumaan ilma kiyya Esaawuu?» jedhee gaafate. \p Inni deebisee, «Ee, ana» jedhe. \p \v 25 Yisihaq, «Ilma kiyya, foon ati adansitee fidde nyaadhee, akka si eebbisuuf, as naa fidi» jedhe. Yaaqoobille isatti fidee, innille nyaate; daadhii woyni'iille akka unuuf fidee innille une. \v 26 Achiin duuba abbaan isaa Yisihaq, «Ilma kiyya, as koyii, na sunqadhu» isaan jedhe. \v 27 Maarre inni gara isaa dhufee isa sunqate; Yisihaqille foolee woyaa isaa ulatee, isa eebbisee, \q1 «Fooleen ilma kiyyaa, \q2 akka foolee fichaa Mootiin Waan Maraa eebbisee ti. \q1 \v 28 Waaqi karfaffuu ol-gubba'aa, \q2 lafa laayyoo, \q2 midhaanii fi woynii bacaa sii kennu. \q1 \v 29 Gosi biyya adda addaa si tajaajiltuu ti; \q2 kolbaan hedduulle si'iif gad jettuu ti. \q1 Obboleeyyan teeti irratti goottaa te'i; \q2 ilmaan haadha teetii si'iif gad jettuu ti. \q1 Worri si abaare abaaramuu ti; \q2 worri si eebbise eebbifamuu ti» jedhe. \s1 Esaawu Eebba Yisihaq Kadhate \p \v 30 Yisihaq akkuma Yaaqoob eebbisee ka'een, Yaaqoob fuula abbaa ifii duraa gad bayeeruun, obboleessi isaa Esaawuun adamo'oo dhufee seene. \v 31 Innille dhandhama qopheessee gara abbaa ifii fidee, «Abba'a, ol jedhii tee'i; akka na eebbittuuf, foon ani adansee fide nyaadhu» jedhe. \p \v 32 Abbaan isaa Yisihaq, «Ati eennu?» jedhee gaafate. \p Inni deebisee, «Ani ilma keeti angaficha, Esaawu'u» jedheen. \p \v 33 Yisihaq guddoo nayee hollatee, «Ka bineensa adansee naa fide, inni eennu ree? Dhufa teetiin dura ani nyaadhee isa eebbiseera; ee, inni ka eebbifame hin te'a!» jedhe. \p \v 34 Esaawu yennaa tana dhage'e, qoonqoo guddo'oon iyyee laaleffatee bowee, abbaa ifiitiin, «Abba'a, analle eebbisi» jedhe. \p \v 35 Yisihaq ammoo, «Obboleessi keeti sobaan dhufee, eebba keeti fudhateera» jedhe. \p \v 36 Esaawu, «Ana sobiisi isaa kun yennaa lammeesso'oo ti. Yaaqoob jedhamuun isaa sirri'i; tanaan dura angafummaa tiyya na irraa fudhatee, ammalle eebba kiyya na irraa fudhate» jedhe. Achiin duuba, «Ati eebba tokkolle naaf hin hamburree?» jedhee abbaa ifii gaafate. \p \v 37 Yisihaq deebisee Esaawu'uun, «Ani si'i irratti Yaaqoob goottonseera; obboleeyyan isaa mara tajaajiltoota isaa godheera. Midhaanii fi woynii bacaa isaaf kenneera. Ilma kiyya, maan si'iif godhuu dande'a ree?» jedhe. \p \v 38 Esaawu abbaa ifiitiin, «Abba'a, ati eebba tokko qofa qaddaa? Abba'a, analle eebbisi» jedhee, qoonqoo ol qabatee bowe. \p \v 39 Abbaan isaa Yisihaq deebisee, isaan, \q1 «Ati lafa laayyoo irraa, \q1 karfaffuu irraa fagaattee leeta. \q1 \v 40 Shallaagaa keetiin leeta; \q2 obboleessa keeti tajaajilta. \q1 Yennaa didde ammoo, \q2 waanjoo isaa morma keeti irraa hin buufatta» jedhe. \p \v 41 Abbaan isaa waan isa eebbiseef, Esaawuun Yaaqoob jibbe. Inni gadhaa ifiititti, «Yennaan abbaan kiyya du'u dhikaatteerti; achiin duuba ani obboleessa kiyya Yaaqoob hin ijjeesa» jedhe. \p \v 42 Ribqaan ammoo marroo yaada Esaawu'uu yennaa dhageette, Yaaqoobitti ergitee, «Dhage'i, obboleessi keeti Esaawu si ijjeesee, haluu bayiisaaf yaadateera. \v 43 Tanaaf amma, ilma kiyya, waan ani siin jedhu godhi. Ka'iitii gara obboleessa kiyya Laabaanii ka Kaaraan keessa jiruu baqadhu. \v 44 Haga obboleessi keeti aarii caffatu yenna'aaf isa woliin turi. \v 45 Obboleessi keeti yennaa aarii caffate, waan ati isa goote hin dedha. Achiin duuba ani nama sitti ergee achii si deebisa. Ani maaf isin lamaanuu guyyaa tokkotti dhabaa?» jetteen. \s1 Yisihaq Gara Laabaanii Yaaqoob Erge \p \v 46 Achiin duuba Ribqaan Yisihaqiin, «Sababa dubartoota Heetotaa ta Esaawu fuudhee tanaaf, ani le'ii tiyya jibbeera; Yaaqoobille dubartoota Heetotaa tama akkanaa tana, lafa tana keessaa niitii yoo fuudhe, ani du'iisa fedha» jette. \c 28 \p \v 1 Yisihaq Yaaqoob waamee, eebbisee, isa ajajee, «Dubartoota worra Kana'aanii hin fuudhin. \v 2 Gara biyya phaadaan-Aaramii, mana Batu'elii abbaa haadha teetii dhaqiitii, durroota Laabaanii obboleessa haadha teetii keessaa takkattii achii fuudhi. \v 3 Waaqi waan mara dande'u si eebbisuu ti! Akka ati abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu teetu, ijoollee hedduu sii kennuu ti! \v 4 Inni akkuma Abrahaam eebbise, si'ii fi sanyii teetille eebbisuu ti! Lafa Abrahaamii kenne, ta ati amma akka alaga'aa teetee leetu, si'iif kennuu ti» jedhe. \v 5 Akka kanaan Yisihaq Yaaqoob erge; innille gara biyya phaadaan-Aaramii, gara Laabaanii ilma Batu'elii nama biyya Aaramii dhaqe. Inni obboleessa Ribqaa haadha Esaawu'uutii fi Yaaqoobii ti. \s1 Esaawu Niitii Dhibii Fuudhe \p \v 6 Yisihaq akka Yaaqoob eebbisee, niitii akka achii fuudhu, gara biyya phaadaan-Aaramii akka erge Esaawu hubate; Yisihaq yennaa Yaaqoob eebbise, «Dubartii worra Kana'aanii hin fuudhin» jedhee akka isa ajajelle hubate. \v 7 Yaaqoob abba'aa fi haadha ifiitiif ajajamee, gara biyya phaadaan-Aaramii akka dhaqeerulle hubate. \v 8 Maarre abbaan isaa Yisihaq dubartoota worra kana'aanii akka hin jaalanne Esaawu yennaa dhagge, \v 9 maarre inni gara Ishimaa'elii ilma Abrahaamii dhaqee, intala isaa Mahilaati, obboleettii Nabaayootii, dubartoota dur fuudheeru irratti ede'ee fuudhe. \s1 Yaaqoob Bet'elitti Oojjate \p \v 10 Yaaqoob Bersheeba'aa bayee gara Kaaraanii dhaqe. \v 11 Inni addee takka geyee, aduun waan seenteef, achi bule. Dhakaa addee sanii keessaa tokko fuudhee, boraafatee rafe. \v 12 Inni achitti oojjatee, riqaa lafa irratti ijjatee qacceen isaa ol-gubbaa geettu, ergantooti Waaqaa isa irra ol bayaa, gad bu'anuun oojju'uun dhagge. \v 13 Mootiin Waan Maraa qaccee riqa'aa gubbaa dhaabbatee, «Ani Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii akaakoo keetiitii fi Yisihaqii abbaa keetii ti. Ani lafa ati irra irkatteertu tana sanyii teetiif hin kenna. \v 14 Sanyiin teeti akka maansa lafaa hin bacatti; isaan gara aduun seentuu fi baatu, gara kaabaa fi kibbaa hin babadhatan; kolbaan biyya lafaa duudiin si'ii fi sanyii teetiin hin eebbifaman. \v 15 Ani si woliin hin jiraadha; addee ati dhaxxu maratti ani si hin eega; gara lafa tanaalle si hin deebisa. Waan waadaa sii gale mara haga sii godhutti ani si hin lakkisu» jedhe. \p \v 16 Achiin duuba Yaaqoob hirriibaa dammaqee, «Mootiin Waan Maraa dhugumaan addee tana jira! Ani ammoo hin beenne» jedhe. \v 17 Inni sodaatee, «Addeen tun attam attam sodaachitti! Isiin mana Waaqaa ti; balbala ol-gubba'aa ti» jedhe. \p \v 18 Yaaqoob boruyyaa barii ganama ka'ee, dhakaa boraafate san fuudhee, akka sooddu'uu dhaabee, qaccee isaa irratti zayitii ejersaa cosse. \v 19 Inni maqaa addee sanii, «Bet'el\f + \fr 28:19 \fr*\fqa Bet'el: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Mana Waaqaa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhee moggaase. Dur maqaan addee sanii, «Luz» jedhamaayyu. \p \v 20 Yaaqoob Mootii Waan Maraatiif waadaa galee, «Yoo ati na woliin jiraatee, karaa ani deemu kana irratti na eedde, sagalee nyaadhuu fi woyaa uffadhu yoo naaf kennite, \v 21 nageyaan gara mana abbaa kiyyaa yoo deebi'e, ati Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya hin teeta. \v 22 Dhakaan ani akka sooddu'uu dhaabe kunille, mana Waaqaa hin te'a; waan naaf kennitu mara keessaa kudhan keessaa tokko si'iif hin kenna» jedhe. \c 29 \s1 Yaaqoob Mana Laabaanii Geye \p \v 1 Yaaqoob ittuma ideemee, gara kolbaa biyya gara aduun baatuu geye. \v 2 Inni achi diida keessatti boolla bisaanii takka dhagge. Hooloti karra sadiille boolla bisaanii san bira ciitteertiiyyu; hooloti sun boolla tana keessaa bisaan unti. Afaan boolla sanille dhakaa gudda'aan cufama. \v 3 Yennaa karri hoolotaa martinuu achitti wolitti dacha'ane, tissitooti dhakaa afaan boolla bisaanii irraa konkolaachisanee hoolota obaasan; achiin duuba dhakaa addee isaatitti deebisanee afaan boolla bisaanii irra keyan. \p \v 4 Yaaqoob, «Obboleeyyan tiyya, isin eessaa dhuttane?» jedhee tissitoota gaafate. \p Isaan deebisanee, «Nuuti Kaaraanii dhunne» jedhane. \p \v 5 Inni isaaniin, «Laabaanii akaakoo Naahorii beettanii?» jedhe. \p Isaan deebisanee, «Ee, hin beenna» jedhane. \p \v 6 Yaaqoobille, isaaniin, «Inni nageyaa?» jedhe. \p Isaan deebisanee, «Ee, nageya; kunoo, intalti isaa Raahel hoolee fiddee dhufiisatti jirti» jedhane. \p \v 7 Inni, «Kunoo, latti guyya'a; yennaan galchuma hori'ii hin geenne. Hoolee bisaan obaasa'aatii geessa'aa dheechisa'a» jedhe. \p \v 8 Isaan ammoo, «Haga karri hoole'ee martinuu wolitti qabantee dhakaa afaan boolla bisaanii irraa konkolaachifamutti, nuuti tana goonee hin dandeennu. Achiin duuba nuuti hoolee hin obaanna» jedhane. \p \v 9 Adoo inni isaan woliin dubbatiisatti jiruu, Raahel tissituu waan teeteef, hoolee abbaa ifii fiddee dhutte. \v 10 Yaaqoob yennaa Raahelii intala Laabaanii abuyyaa ifiitii fi hoolee isaa dhagge, itti dhikaatee dhakaa boolla bisaanii irraa konkolaachisee, hoolee isaa san bisaan obaase. \v 11 Achiin duuba inni Raahel sunqatee waan gammadeef bowe. \v 12 Inni, «Ani ilma adaadaa teeti Ribqa'aa ti» jedhee isi'itti hime. \p Isiille rukkittee abbaa ifiititti hinte. \v 13 Laabaan oduu marroo Yaaqoobii ilma obboleettii ifii yennaa dhage'e, isa qophatiisaaf rukkisee gad bayee, hanqafatee, gara manaa seensise. Yaaqoob waan te'eeru mara yennaa itti hime, \v 14 Laabaan, «Ee, dhugumaan, ati foon kiyyaa fi dhiiga kiyya» jedhe. Yaaqoob ji'a tokko guutuu isa bira ture. \s1 Yaaqoob Durra Laabaanii Fuudhe \p \v 15 Laabaan Yaaqoobiin, «Ati hidda kiyya waan teetiif, toluma naaf hujuu hin malle. Meeqa akka ani isi'iif kaffalu barbaadda?» jedhe. \v 16 Laabaan durra lama qabaayyu; maqaan angafitti'ii Liya'a; ka maandhitti'ii Raahel. \v 17 Liyaan intala ila kuulaa ti; Raahel ammoo dansittii dhaaba toltu. \p \v 18 Yaaqoob Raahel waan jaalateef, Laabaaniin, «Akka ani intala teeti maandhittii Raahel fuudhu yoo naaf eeyyante, ani woggaa torba si hin tajaajila» jedhe. \p \v 19 Laabaan deebisee, «Ani nama dhibi'iif isii kennu'uu mannaa, isi'iif kennuu woyya; as na bira turi» jedhe. \v 20 Maarre Yaaqoob Raahel fuudhiisaaf jedhee, woggaa torba tajaajile; inni waan isii jaalateef, woggooti kun guyyoota diqqaa isatti fakkaatane. \p \v 21 Achiin duuba Yaaqoob, Laabaaniin, «Yennaan tajaajila kiyyaa dhumatteerti; Raahel akka fuudhuuf naa kenni» jedhe. \v 22 Maarre Laabaan jila fuudhaa fi heerumaa jilisee, kolbaa achi jirtu mara waame. \v 23 Galgala san ammoo, addee Raahelii, intala ifii Liyaa fuudhee Yaaqoobitti geesse; Yaaqoobille isii woliin rafe. \v 24 Laabaan tajaajiltuu ifii Zilfaa, akka tajaajiltuu isi'ii teetuuf, Liya'aaf kenne. \v 25 Boruyyaa ganama Yaaqoob akka Liyaa teete beekee, gara Laabaanii dhaqee, «Wonni ati na goote kun maan? Ani Raahel fuudhiisaaf si tajaajile. Ati maaf na sodde ree?» jedhe. \p \v 26 Laabaan deebisee, «Biyya teenna keessatti intala angafitti'iin dura intala maandhittii hin heerumsiisanu. \v 27 Torbaan waajibumma'aa Liyaa woliin fixadhu; woggaa torba ta dhibii deebitee yoo na tajaajilte, Raahelille si'iif hin kenna» jedhe. \p \v 28 Yaaqoob akkuma inni jedhe godhe; yennaa inni torbaan waajibumma'aa Liyaa woliin fixate, Laabaan intala ifii Raahel isa heerumsiise. \v 29 Laabaan tajaajiltuu ifii Bilhaa, akka tajaajiltuu isi'ii teetuuf, Raaheliif kenne. \v 30 Yaaqoob Raahel wolille'een rafee, Liyaa caalaa isii jaalate. Achiin duuba inni woggaa torba ta dhibii Laabaan tajaajile. \s1 Ijoollee Yaaqoobiif Dhalatte \p \v 31 Liyaa caalaa akka Yaaqoob Raahel jaalate Mootiin Waan Maraa yennaa dhagge, Liyaan akka ijoollee deettu godhe; Raahel ammoo maseena teete. \v 32 Liyaan ulfoottee ilma deette. Isiin, «Mootiin Waan Maraa rakkoo tiyya dhagge; amma dhugumaan dhirsi kiyya na hin jaalata» jettee, maqaa isaa Ruuben\f + \fr 29:32 \fr*\fqa Ruuben: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Ilma dhagge \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baafatte. \v 33 Isiin ammalle ulfoottee ilma dhibii deettee, «Mootiin Waan Maraa akka ani hin jaalatamin dhage'ee, ammalle ilma kana naaf kenne» jettee, maqaa isaa Shimi'oon\f + \fr 29:33 \fr*\fqa Shimi'oon: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Anaaf dhage'e \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baafatte. \p \v 34 Liyaan ammalle ulfoottee ilma dhibii deette. Isiin, «Ani ilmaan sad waan isaaf deyeef, amma dhirsi kiyya jaalalaan natti hin maxxana» jettee, maqaa isaa Lewwii\f + \fr 29:34 \fr*\fqa Lewwii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Wolitti maxxanuu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baafatte. \v 35 Achiin duuba Liyaan ammalle ulfoottee ilma dhibii deette. Isiin, «Amma ani Mootii Waan Maraa hin leellisa» jettee, maqaa isaa Yihudaa\f + \fr 29:35 \fr*\fqa Yihudaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Leellisuu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baafatte. \c 30 \p \v 1 Raahel akka ijoollee Yaaqoobiif deyaa hin jirre yennaa beette, obboleettii ifii hinaattee, Yaaqoobiin, «Ijoollee naaf kenni, yookiin ani hin du'a» jette. \p \v 2 Yaaqoob guddoo aaree, «Ani addee Waaqaa bu'ee hin dande'u. Ka ijoollee si dhooggate isa» jedhe. \p \v 3 Achiin duuba Raahel, «Bilhaan tajaajiltuun tiyya kunoo ti; akka isiin ijoollee naaf deettu, isii bira geyi. Akka kanaan, karaa isi'iitiin ani haadha ijoolle'ee hin te'a» jette. \v 4 Maarre isiin Balhaan dhirsa ifiitiif kennitee, innille isii bira geye. \v 5 Balhaan ulfoottee Yaaqoobiif ilma deette. \v 6 Raahel, «Waaqi naaf mure. Inni daadimata kiyya dhage'ee, ilma naaf kenne» jettee, maqaa isaa Daan\f + \fr 30:6 \fr*\fqa Daan: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Anaaf mure \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baafatte. \v 7 Balhaan garbittiin Raahelii ammalle ulfoottee Yaaqoobiif ilma lammeesso'oo deette. \v 8 Achiin duuba Raahel, «Ani obboleettii tiyya woliin wodhaantoo jadduu qabadhee, injifadhe» jettee, maqaa isaa Niftaalem\f + \fr 30:8 \fr*\fqa Naftaalem: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Wodhaantoo \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baafatte. \p \v 9 Liyaan akka deya lakkitte yennaa beette, tajaajiltuu ifii Zilfaa fuutee, akka niiti'iititti Yaaqoobiif kennite. \v 10 Achiin duuba Zilfaan Yaaqoobiif ilma deette. \v 11 Liyaan, «Milkaaye» jettee, maqaa isaa Gaad\f + \fr 30:11 \fr*\fqa Gaad: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Milkii \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baafatte. \v 12 Tajaajiltuun Liya'aa, Zilfaan ilma dhibii deettee jennaan, \v 13 Liyaan, «Ani guddoo gammadeera! Amma dubartooti, ‹Ta gammadde› naan jedhan» jettee, maqaa isaa Asheer\f + \fr 30:13 \fr*\fqa Asheer: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Gammada \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baafatte. \p \v 14 Yennaa haammaa qamadi'ii, Ruuben gaafa tokko alatti bayee, midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu\f + \fr 30:14 \fr*\fqa Midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu: \fqa*\ft Yookiin hin rarragachiisa jedhamee beekkamuu.\ft*\f* dhaggee, Liyaa haadha ifiitiif fide. Raahel Liya'aan, «Maganne'ee, midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu ka ilmi keetii fide san irraa naafille kenni» jette. \p \v 15 Liyaan deebittee, «Ka dhirsa kiyya na irraa fudhatte si hanqattee, amma midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu, ka ilmi kiyya fidelle fudhatiisa barbaaddaa?» jette. \p Raahelille, «Ati midhaan muka fedhii jaalala kakkaasu ka ilmi keeti sii fide naa yoo kennite, halkan edanaa Yaaqoob woliin buluu dandeetta» jette. \p \v 16 Galgala san Yaaqoob ficha'aa yennaa dhufe, Liyaan gad itti baatee, «Ani midhaan muka jaalala kakkaasu ka ilmi kiyya fideen waan si bitadheef, galgala adhaa na woliin bulta» jette. Maarre inni halkan san isii woliin bule. \p \v 17 Waaqi daadimata Liya'aa dhage'ee, isiin ulfoottee ilma shaneesso'oo Yaaqoobiif deette. \v 18 Liyaan, «Ani tajaajiltuu tiyya dhirsa kiyyaaf kenninaan, Waaqi gatii naaf kenne» jettee, maqaa isaa Yisaakor\f + \fr 30:18 \fr*\fqa Yisaakor: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Gatii \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baafatte. \v 19 Liyaan ammalle ulfoottee ilma jayeesso'oo Yaaqoobiif deettee, \v 20 «Waaqi kennansa dansaa naaf kenneera. Ani ilmaan jaa waan isaa deyeef, amma dhirsi kiyya ulfinna naaf hin kenna!» jettee, maqaa isaa Zebuloon\f + \fr 30:20 \fr*\fqa Zebuloon: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Ulfinna \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baafatte. \v 21 Duuba irra isiin intala deettee, maqaa isi'ii «Dinaa\f + \fr 30:21 \fr*\fqa Dinaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Mure \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jette. \p \v 22 Achiin duuba Waaqi Raahel qaabate; inni daadimata isi'ii dhage'ee akka isiin deettu godhe. \v 23 Isiin ulfoottee ilma deettee, «Waaqi salphinna kiyya na irraa fuudhe. \v 24 Mootiin Waan Maraa ilma dhibii naaf kenne» jettee, maqaa isaa Yoseef\f + \fr 30:24 \fr*\fqa Yoseef: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Dabaluu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baafatte. \s1 Yaaqoob Horii Hore \p \v 25 Raahel Yoseef deetteen duuba, Yaaqoob, Laabaaniin, «Gara lafa itti dhaladheetii fi biyya tiyyaa akka dhaquuf gad na lakkisi. \v 26 Ani attam attam akka si'iif huje atinuu hin beetta; ani hin deema, dubartoota tiyyaa fi ijoollee tiyya ta ani si'iif tajaajilee dhaggadhe naaf kenni» jedhe. \p \v 27 Laabaan ammoo Yaaqoobiin, «Ani yoo si duratti fudhatama dhaggadhe, maganne'ee turi; sababa keetiif akka Mootiin Waan Maraa na eebbise, mudhii addaatiin beekeera. \v 28 Mindaa ani si'iif kaffalu'uu male natti himi, ani si'iif hin kenna» jedhe. \p \v 29 Yaaqoob deebisee, «Attam akka si'iif tajaajile, horiin keetille ani kunuunsuun attam akka si'iif horelle atinuu hin beetta. \v 30 Yennaa hin dhufiniin dura, horii diqqaan keeti, amma guddoo bacateera. Addee ani dhaqe duudi'itti Mootiin Waan Maraa si eebbiseera. Ani maatii tiyyaaf yoom wo godha ree?» jedhe. \p \v 31 Laabaan, «Maan si'iif kennu ree?» jedhee gaafate. \p Yaaqoob, «Waan ani si'iin jedhu kana, yoo naaf goote, ani horii keeti deebi'ee hin kunuunsa, hin tissalle'e. \v 32 Ani adha horii keeti keessa deemee, hoolota keessaa titiifu'uu fi buburree, buruusoo gugurraayyee mara, re'oota keessalle'ee buruusoo titiifu'uu fi gugurraayyee mara addaan baasa. Isaan mindaa kiyyaa te'anuu ti. \v 33 Akka kanaan addatamummaa tiyya hin dhaggita. Ati mindaa kiyya qorqoriisaaf yennaa dhuttu, re'oota titiifuu yookiin buburree hin te'in, yookiin hoolota gugurraayyee hin te'in yoo qabaadhe, akka hatamane hin beetta» jedhe. \p \v 34 Laabaan deebisee, «Tole, akkuma ati jette teetuu ti» jedhe. \v 35 Gaafuma san Laabaan korbeeyyii re'e'ee tattalee, titiifuu, re'oota dhaltuu buburre'ee fi titiifuu yookiin xibaanxibbee adaadii nafa irraa qaddu mara, buruusoo hoole'ee gugurraayyee mara addaan baasee, ilmaan ifii akka tissanu godhe. \v 36 Achiin duuba Laabaan ideensa guyyaa sadii Yaaqoob irraa fagaate. Yaaqoob hoole'ee fi re'ee Laabaanii ka hafane tisse. \p \v 37 Yaaqoob ulee muka jiidhaa gosa sadii muree, dabaree dabaree quncee irraa quncisee buburreesse. \v 38 Hoole'ee fi re'een bisaan uniisaaf yennaa dhufanu, korbeeyyiin waan hoqonsiteef, inni ulee buburreesse san fuula isaanii dura gongaa isaan keessaa unanu keessa keye. Hoole'ee fi re'een bisaan uniisaaf yennaa dhufanu, \v 39 maarre isaan yennaa ulee saniin duratti hoqonsane, ilmoolee tattalee, titiifu'uu fi buburree dhalane. \p \v 40 Yaaqoob ilmoolee tana qofitti baasee, hoole'ee fi re'ee Laabaanii tattale'ee fi gugurraayyee fuula dura dhaabbachiise. Akka kanaan Yaaqoob hoole'ee fi re'ee ifii, hoole'ee fi re'ee Laabaaniitiin addaan fowate. \p \v 41 Yennaa hoole'ee fi re'een jajjabooti hoqonsanu, isaan ulee san fuula duratti akka hoqonsanu\f + \fr 30:41 \fr*\fqa Hoqonsanu: \fqa*\ft Yookiin hophophisan.\ft*\f*, ulee san isaan bira dhadhaaba. \v 42 Inni ammoo hoole'ee fi re'ee dadadhaboolee dura ulee san hin dhaabuuyyu. Maarre hoole'ee fi re'een dadadhabooleen ta Laabaanii yennaa teetu, jajjaboon ta Yaaqoobii teete. \v 43 Yaaqoob akka kanaan guddoo duroommate. Inni horii bacaa, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii, gaalotaa fi harreelee hedduu qabaayyu. \c 31 \s1 Yaaqoob Laabaan Biraa Baqate \p \v 1 Ilmaan Laabaanii, «Yaaqoob waan abbaan keenna qabu mara fudhate; inni qabeenna kana mara abbaa keenna irraa dhaggate» jettuun Yaaqoob dhage'e. \v 2 Yaaqoob ammalle Laabaan akka dur isa jaalattu akka isa jaalataa hin jirre hubate. \v 3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Yaaqoobiin, «Gara lafa abbootii teetiitii fi fira keetii deebi'i. Ani si woliin hin jiraadha» jedhe. \p \v 4 Maarre Yaaqoob gara Raaheliitii fi Liya'aa ergee, addee lafa hoolotii fi Re'ooti isaa jirtutti waansise. \v 5 Inni isaaniin, «Abbaan keessan akka dur na jaalattu gara duraa akka na jaalataa hin jirre hubadheera. Waaqi abbaa kiyyaa ammoo na woliin jira. \v 6 Ani hunna tiyya adoo hin qusatin abbaa keessaniif akka huje, isin lamaanuu hin beettan. \v 7 Laabaan ammoo na sobee mindaa kiyya yennaa kudhan jijjiire. Te'uu malee Waaqi akka inni na miidhu hin goone. \v 8 Yennaa Laabaan, ‹Re'ooti titiifuun mindaa keeti› jedhe, hoolotii fi re'ooti marti ilmoolee titiifuu dhalane. Inni yennaa, ‹Re'ooti tattaleen mindaa keeti› jedhelle, hoolotii fi re'ooti duudiin ilmoolee tattalee dhalane. \v 9 Akka kanaan Waaqi hoole'ee fi re'ee abbaa keessan irraa fuudhee naaf kenne. \p \v 10 «Yennaa hoole'ee fi re'een rarragatanu, ani oojjadhee, korbeeyyiin tattaleen, buburre'ee fi titiifuun hoqonsanuun dhagge. \v 11 Achiin duuba Ergamaan Waaqaa oojju'uun, ‹Yaaqoob!› jedhee na waame; anille, ‹As jira› jedheen. \v 12 Ergamaan Waaqaa, ‹Kunoo, korbeeyyii tattalee, buburre'ee fi titiifuu qofatti hoqonsiisatti jira. \v 13 Ani addee ati soodduu dhaaddee, zayitii ejersaa itti naxxee naaf kakatetti, Waaqa Bet'elitti sitti mudhate. Amma lafa tana keessaa ariiti'iin bayiitii gara lafa itti dhalattee deebi'i› naan jedhe» jedhe. \p \v 14 Raahelii fi Liyaan deebisanee, «Mana Abbaa keennaatitti qoodi dhaalaaf nu'uuf hafeeru jiraa ree? \v 15 Inni akka ormaatitti nu ilaala. Inni nu gurgureera; beesee marroo teennaaf kennantelle nyaatee fixeera. \v 16 Karri Waaqi abbaa keenna irraa fuudhe tun marti teennaa fi ta ijoollee teennaa ti; tanaaf waan Waaqi siin jedhe mara godhi» jedhaneen. \p \v 17 Maarre Yaaqoob dubartoota ifiitii fi ijoollee ifii gaala irra teessisee, \v 18 inni horii ifii mara, meya qabu mara, horii Phaadaan-Aaram keessatti horate oofatee gara biyya Kana'aanii, gara abbaa ifii Yisihaqii dhaqiisaaf ka'e. \v 19 Laabaan rifeensa hoole'ee muriisa dhaqeeruun, Raahel waaqota abbaa ifii ka Laabaanii mana keessaa hatte. \v 20 Yaaqoob akka baqataaru Laabaanitti adoo hin himin isa sobee deeme. \v 21 Yaaqoob waan qabu mara fudhatee baqate. Inni laga Efraaxiisiitiin gamatti bu'ee gara biyya koobitti'ii gara Giil'aadii deemiisaaf ka'e. \s1 Laabaan, Yaaqoob Hordofe \p \v 22 Guyyaa sadiin duuba akka Yaaqoob baqate Laabaan dhage'e. \v 23 Maarre inni fira ifii woliin Yaaqoob hordofe. Guyyaa torbaan duuba Laabaan biyya koobittii Giil'aadii keessatti itti dhikaate. \v 24 Waaqi ammoo halkan oojju'uun gara Laabaanii dhufee, «Waan hantuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne ifi eeggadhu!» jedheen. \v 25 Maarre Laabaan Yaaqoob dhaqqabe. Yaaqoob biyya koobittii sanitti dunkaana ifii dhaabate; Laabaanille Giil'aad biyya koobittii san keessatti fira ifii woliin dunkaana ifii dhaabate. \p \v 26 Laabaan, «Ati na soddee, akka dubartoota lola keessatti booji'antee durra tiyya fudhattee baduun keeti maan godhuu keeti? \v 27 Ati maaf na soddee, adoo natti hin himin dhossa'aan baqatte? Adoo natti hintee jiraattee, silaa ani gammadaan, weeddu'uun, dibbe'ee fi kiraaraan akka ani si geegessaayyu. \v 28 Ati akka ani akaakotaa fi durra tiyya sunqadhee nageya itti dhaamulle natti hin hinne. Wonni ati goote kun waan fokkisiisa'a. \v 29 Ani si miidhiisaaf hunna qabaayyu; halkan edaa ammoo Waaqi abbaa keetii natti dubbatee, ‹Waan hantuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne, ifi eeggadhu!› naan jedhe. \v 30 Akka ati gara biyya abbaa keetii deebi'iisaaf guddoo barbaadde ani hin beeka; ammoo waaqota kiyya maaf hatte?» jedhe. \p \v 31 Yaaqoob deebisee, «Durra teeti hunnaan na irraa fudhatta jedhee waan sodaadheef. \v 32 Nu keessaa nami waaqota keeti fudhateeru yoo dhaggame ijjeefamuu ti. Firoota keenna dhugaa bayoota godhadhuutii, waan keeti mara ilaalladhuutii fudhadhu» jedheen. Yaaqoob akka Raahel waaqota Laabaanii hatteertu waan hin beenneef tana jedhe. \p \v 33 Laabaan gara dunkaana Yaaqoobii, gara dunkaana Liya'aa, gara dunkaana dubartoota tajaajiltoota lamaaniille seene; ammoo waaqota ifii hin dhaggine. Achiin duuba inni gara dunkaana Raahelii seene. \v 34 Raahel waaqota mana keessaa fuutee kooraa gaalaa jalatti dhossitee irra teette. Laabaan dunkaana duudii keessa ilaale; ammoo waaqota ifii hin dhaggine. \v 35 Raahel abbaa ifiitiin, «Abba'a, natti hin mufatin; xuriin waan natti dhutteertuuf, si duraa ka'uu hin dandeenne» jetteen. Maarre inni addee duudii ilaale; ammoo waaqota ifii hin dhaggine. \p \v 36 Achiin duuba Yaaqoob aaree, «Ani maan balleesse? Ati wonni na ariituuf, ani seera maan yakke? \v 37 Ati waan qabu mara keessa ilaalteen duuba, waan keeti te'e maan dhaggite? Waan tokkolle yoo dhaggitee jiraatte, nu keessaa eentu sirrii akka te'e isaan akka muranuuf, as fira keetii fi fira kiyya dura keyi. \v 38 Ani woggaa diddama si'iif hujeera. Yennaa tana keessatti hoolotii fi re'ooti teeti gadha'aa hin ganne\f + \fr 31:38 \fr*\fqa Gadha'aa hin ganne: \fqa*\ft Yookiin hin sadheessine jedhamuulle hin dande'a.\ft*\f*; korbeeyyii teetille ani hin nyaanne. \v 39 Bineensi yennaa horii nyaatu mara, ka dhidhate san aninuu bakka buuse malee, ani gara keeti hin finne. Horii halkan yookiin guyyaa hatamelle, na kaffalchiitte. \v 40 Yennaa hedduu guyyaa o'aan, halkan boojji'iin rakkadhe; rafiisalle hin dandeenne. \v 41 Ani woggaa diddama akka kanaan mana keeti keessa ture; woggaa kudhanii afur durra teeti lamaan fuudhiisaaf, woggaa jaa hoole'ee fi re'ee teeti dhaggatiisaaf tajaajile. Yennaa san keessatti ati mindaa kiyya yennaa kudhan jijjiirte. \v 42 Waaqi abbaa kiyyaa, Waaqi Abrahaamii, ka Yisihaq isa sodaatu adoo na woliin hin jiraatinii, ati silaa harka duwwaa na ariiteertaayyu. Ammoo Waaqi rakkoo tiyyaa fi eloo tiyya dhaggee, halkan edaa si xixe» jedheen. \s1 Wolii Galtee Yaaqoobiitii Fi Laabaanii \p \v 43 Laabaan deebisee, «Dubartooti tun durra tiyya; ijoolleen isaaniille ijoollee tiyya; hoole'ee fi re'een tun tiyya. Wonni ati dhaggitu kun martinuu tiyya. Durra tiyya tanaa fi ijoollee isaanii ammoo ani attam miidhuu dande'a ree? \v 44 Koottu amma anii fi ati wolii galtee godhanna; wolii galtee san qaabatiisaaf soodduu dhaabbanna» jedhe. \p \v 45 Maarre Yaaqoob dhakaa tokko fuudhee soodduu dhaabe. \v 46 Inni firoota ifiitiin «Dhakaa wolitti qaba'a» jedhe; isaanille dhakaa wolitti qabanee tuulaneen duuba, tuulaa san biratti sagalee nyaatane. \v 47 Laabaan tuulaa dhaka'aa san, afaan Aaramiitiin, «Yagaar-sahadutaa\f + \fr 31:47 \fr*\fqa Yagaar-sahadutaa: \fqa*\ft Afaan Aaramiitiin \ft*\fqa Tuulaa dhugaa baatu \fqa*\ft jechu'u. \ft*\f*» jedhee moggaase. Yaaqoob ammoo afaan Ibrootaatiin, «Gaal-Ed\f + \fr 31:47 \fr*\fqa Gaal-Ed: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Tuulaa dhugaa baatu \fqa*\ft jechu'u. \ft*\f*» jedhee moggaase. \v 48 Laabaan Yaaqoobiin, «Tuulaan dhaka'aa tun anaa fi si wodhakka'atti dhugaa baati» jedhe. Tanaaf addeen sun «Gaal-Ed» jedhante. \v 49 Laabaan ammalle, «Yennaa nu gargar baanu Waaqi nu eeguutii» waan jedheef, addee saniin, «Miisphaa\f + \fr 31:49 \fr*\fqa Miisphaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Eegiisa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhe. \v 50 Laabaan itti dabalee, «Ati yoo durra tiyya rakkitte yookiin yoo dubartii dhibii fuute, eennulle nu woliin jiraachuu dhabulle, Waaqi dhugaa teenna akka te'e qaabadhu. \v 51 Wodhakkaa teennatti dhakaan ani tuulee fi soodduun ani dhaabelle kunoo ti. \v 52 Ani si miidhiisaaf tuulaa dhaka'aa tana akka hin dabarre, atille na miidhiisaaf tuulaa dhaka'aatii fi soodduu tana akka hin dabarre, tuulaa dhaka'aatii fi soodduun tun dhugaa baatota teenna. \v 53 Yoo wolii galtee tana hin eegin, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Naahoorii, Waaqi abbaa isaanii nu adabuu ti» jedhe. Achiin duuba, Yaaqoob maqaa Waaqa abbaan isaa Yisihaq sodaatuutiin wolii galtee tana eegatiisaaf kakate. \v 54 Yaaqoob gaara irratti ciincaa dhikeessee, sagalee akka nyaatanuuf fira ifii waame. Isaan nyaataneen duuba, halkan achi bulane. \v 55 Laabaan barii ganamaan ka'ee, akaakotaa fi durra ifii sunqatee, eebbise; achiin duuba inni gara mana ifii deebi'e. \c 32 \s1 Yaaqoob Esaawuun Wol Dhaggiisaaf Qophowe \p \v 1 Yaaqoob adoo deemiisatti jiruu, ergantooti Waaqaa isa woliin wol wolde'ane. \v 2 Inni yennaa isaan dhagge, «Kun quttuma Waaqaa ti» jedhee, maqaa addee sanii Mahanaayim\f + \fr 32:2 \fr*\fqa Mahanaay: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa quttuma lama \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* baase. \p \v 3 Yaaqoob ifiin dura gara biyya Edoomii, gara lafa Se'iir jedhantuu obboleessa ifii Esaawutti ergantoota erge. \v 4 Yaaqoob worra erge san ajajee, «Goottaa kiyya Esaawu'uun, ‹Ani tajaajilaan keeti Yaaqoob haga ammaa alagaa te'ee Laabaan bira le'aa ture. \v 5 Ani loonii fi harree, hoole'ee fi re'ee, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii qaba. Ani fudhatama akka dhaggadhuuf ergaa tana si goottaa kiyyatti himadha› jedheera Yaaqoob jedha'a» jedhe. \p \v 6 Ergantooti yennaa gara Yaaqoobii deebi'anee dhufane, «Nuuti gara obboleessa keeti Esaawuu dhandheerra; innille amma gara keeti dhufiisatti jira; namooti dhibba afuriille isa woliin jiran» jedhane. \v 7 Yaaqoob guddoo sodaatee, yaaddowee, namoota isa bira jiranu, hoole'ee fi re'ee, loon, gaalalle golii lamatti gargar qoode. \v 8 Inni, «Esaawuun golii tokko yoo miidhe, goliin tuun miliquu hin dandeetti» jedhee yaadee ti. \p \v 9 Achiin duuba Yaaqoob daadimatee, «Ee, Waaqa akaakoo kiyya Abrahaamii, Waaqa abbaa kiyya Yisihaqii naa dhage'i! Sittuu, ‹Biyya keetitti, fira keetitti deebi'i; anille waan dansaa si'iif hin godha› anaan jedhe. \v 10 Gadhi-laafumma'aa fi addatamummaan ati ana tajaajilaa keetitti mudhitte sun, naaf hin malle; yennaa qaraa ulee malee, ani womaa qabadhee laga Yordaanosii hin buune; amma golii lama tana woliin deebi'eera. \v 11 Inni dhufee ana, haadhoti'ii fi ijoollee hin ijjeesa fa'a jedhee waan sodaadheef, ati harka obboleessa kiyya Esaawuu jalaa akka na baachu si gaafadha. \v 12 Atuu, ‹Ani waan dansaa si'iif hin godha; sanyii teetille akka maansa abbaaya'aa, ka sababa bacinna isaatiif laakkowamuu hin dandeennee hin godha› jetteerta» jedhe. \p \v 13 Maarre inni halkan san achuma bulee, waan ifii qabu keessaa kennansa obboleessa ifii Esaawu'uuf dhikeessu, \v 14 re'oota dhaltuu dhibba lamaa fi korbeeyyii re'ootaa diddama, hoolota dhaltuu dhibba lamaa fi korbeeyyii hoolotaa diddama, \v 15 gaalota hoosisanu soddoma ilmoolee isaanii woliin, sa'oolee afurtamaa fi korommii kudhan, harreelee dhaltuu diddamaa fi harreelee wodala\f + \fr 32:15 \fr*\fqa Wodala: \fqa*\ft Korma harre'ee ti.\ft*\f* kudhan file. \v 16 Inni horii kana cinna cinnaan qoqoodee, tajaajiltoota ifiititti kennee, «Anaan duratti dabara'aatii, wodhakkaa cinna cinna hori'iititti lafa lakkisa'a» jedhe. \v 17 Yaaqoob tajaajilaa dura jiruun, «Esaawuun obboleessi kiyya sitti dhufee, ‹Ati ka eennuu ti? Eessa dhaxxa? Horiin ati oofattu kun ka eennuu ti?› jedhee yennaa si gaafate, \v 18 ati, ‹Horiin kun ka tajaajilaa keeti Yaaqoobii ti. Inni horii kana goottaa kiyya Esaawu'uuf kennansa erge. Innille duuba keennaan dhufiisatti jira› jettaan» jedheen. \v 19 Yaaqoob cinna lammeesso'ootiin, cinna sadeesso'oolle'een, worra cinna hori'ii san oofu maraanuu, «Isinille yoo Esaawu isinitti dhufe, dubbuma tana itti hima'a. \v 20 ‹Kunoo, tajaajilaan keeti Yaaqoob nu duubaan dhufiisatti jira› jedha'aan» jedhee gorse. Yaaqoob, «Kennansa ani ifi dura ergeef kanaan Esaawu naa araarama fa'a. Achiin duuba ani yennaa isa dhagge, inni na fudhata fa'a te'a» jedhee yaade. \v 21 Yaaqoob kennansa san dursee dabarsee ergee, ifiif ammoo halkan san addee quttumaa san bule. \s1 Yaaqoob Waaqa Woliin Wodhaantoo Qabate \p \v 22 Yaaqoob halkanuma san ka'ee, niitota ifii lamaan, tajaajiltoota ifii ta durraa lamaanii fi ijoollee ifii kudhanii tokko fudhatee laga Yaaboqiitiin gamatti bu'e. \v 23 Inni gamatti isaan buuseen duuba, waan qabu maralle gamatti buuse. \v 24 Inni ammoo qofuu hafe. \p Achiin duuba nami tokko dhufee haga boruun dayya'utti Yaaqoob woliin wodhaantoo qabate. \v 25 Namichi sun akka dande'ee Yaaqoob hin injifanne yennaa dhagge, luqqee\f + \fr 32:25 \fr*\fqa Luqqee: \fqa*\ft Yookiin tafa\ft*\f* Yaaqoobii dhowe; Yaaqoobille adoo isaa woliin wodhaantoo qabatuu kurreen Yaaqoobii buqqaate. \v 26 Achiin duuba namichi, Yaaqoobiin, «Boruun dayya'aaraa, na lakkis!» jedhe. \p Yaaqoob ammoo, «Yoo na eebbitte malee, ani si hin lakkisu!» jedheen. \p \v 27 Maarre namichi, «Maqaan keeti eennu?» jedhee gaafate. \p Innille deebisee, «Maqaan kiyya Yaaqoob» jedhe. \p \v 28 Achiin duuba namichi, «Ati Waaqaa fi nama woliin wodhaantoo qabattee injifatteerta; tanaaf, haganaa achi maqaan keeti Israa'el\f + \fr 32:28 \fr*\fqa Israa'el: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Waaqa woliin wodhaantoo qabatuu \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* jedhamuu ti malee, Yaaqoob hin jedhamin» jedhe. \p \v 29 Achiin duuba Yaaqoob, namichaan, «Maganne'ee maqaa keeti natti himi!» jedhee isa gaafate. \p Inni ammoo, «Maqaa kiyya maaf gaafatta?» jedhee, achitti isa eebbise. \p \v 30 Yaaqoobille, «Ani Waaqa fuula kiyya duratti dhaggee, haga ammaa jiru'uun jira» jedhe; tanaaf maqaa addee sanii, «Pheeni'el\f + \fr 32:30 \fr*\fqa Pheeni'el: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Fuula Waaqaa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhee moggaase. \v 31 Yaaqoob pheeni'elii ka'ee deemiisatti jiruun aduun baate; inni luqqee waan miidhameef hokkoliisatti jiraayyu. \v 32 Yaaqoob namicha woliin wodhaantoo qabatuun, namichi foon kurree luqqee\f + \fr 32:32 \fr*\fqa Luqqee: \fqa*\ft Yookiin tafa.\ft*\f* isaa irraa waan dhoweef, Israa'elooti haga adhaa foon kurree luqqee irraa hin nyaatanu. \c 33 \s1 Yaaqoobii Fi Esaawu Wol Dhaggane \p \v 1 Yaaqoob ol ilaalee, Esaawuun namoota dhibba afur woliin dhufiisatti jiruun dhagge; tanaaf inni ijoollee Liya'atti, Raahelii fi dubartoota tajaajiltoota lamaanitti qoqoode. \v 2 Inni dubartoota tajaajiltoota lamaan ijoollee isaanii woliin dura aansee, Liya'aa fi ijoollee isi'ii itti aansee, Raahelii fi Yoseef duuba aanse. \v 3 Yaaqoob isaaniin dura deemee, haga obboleessa ifii bira gewutti yennaa torba lafatti gad isaaf gombifame. \v 4 Esaawu ammoo isa qophatiisaaf itti rukkisee, hanqafatee isa sunqate. Isaan lamaanuu bowane. \v 5 Esaawu ol ilaalee, dubartootaa fi ijoollee yennaa dhagge, «Kolbaan si woliin jirtu tun ta eennuu ti?» jedhee gaafate. \p Yaaqoob, «Isaan, ijoollee Waaqi badhaadha ifiitiin ana tajaajilaa keetiif kenne» jedheen. \v 6 Achiin duuba dubartooti tajaajiltoota ijoollee ifii woliin dhufanee gad gombifamaneef; \v 7 achiin duuba Liya'aa fi ijoolleen isi'ii dhufanee gad gombifamaneef; dhuma irratti Raahelii fi Yoseefille dhufanee gad gombifamaneef. \p \v 8 Esaawu, «Horiin cinna cinnaan oofanuun dhagge kana maan yaaddee naaf ergite?» jedhee gaafate. \p Yaaqoob deebisee, «Goottaa kiyya, si duratti fudhatama dhaggatiisaaf erge» jedhe. \p \v 9 Esaawu ammoo, «Obboleessa kiyya, ani bacaa qaba. Keeti si'iifuu te'uu ti» jedhe. \p \v 10 Yaaqoob, «Waawwo'o; ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, kennansa kiyya ana irraa fudhadhu. Ati waan na fudhatteef, fuula keeti dhaggiisi, fuula Waaqaa akka dhaggeetitti laakkowa. \v 11 Waaqi arjumma'aan waan naaf barbaachisu mara waan kenneef, maganne'ee kennansa ani si'iif fide kana fudhadhu» jedhe. Yaaqoob waan isa uttiseef, Esaawu kennansa fudhate. \p \v 12 Achiin duuba Esaawu, «Ka'i ideennaa ti. Ani si dura hin deema» jedhe. \p \v 13 Yaaqoob ammoo deebisee, «Goottaa kiyya, ijoolleen, hoole'ee fi re'een, ilmooleen isaaniille, loonii fi jabbiin dadhaboolee akka te'ane hin beetta. Guyyuma tokkoofille ariiti'iin\f + \fr 33:13 \fr*\fqa Ariiti'iin: \fqa*\ft Yookiin gussa'aan\ft*\f* yoo oofamane, isaan martinuu hin du'an. \v 14 Tanaaf, maganne'ee goottaa kiyya, ati ana tajaajilaa keeti dura deemi. Ani akka ideensa hori'iitii fi ijoolle'eetitti laanuma\f + \fr 33:14 \fr*\fqa Laanuma: \fqa*\ft Yookiin suutum.\ft*\f* haga Edoomitti si dhaqqabutti si hordofa» jedhe. \p \v 15 Esaawu deebisee, «Namoota na woliin jiranu keessaa garii si biratti lakkisa» jedhe. \p Yaaqoob ammoo, «Ani fuula goottaa kiyyaa duratti fudhatama dhaggatiisa qofa malee, kun maaniif barbaachisa?» jedhe. \v 16 Tanaaf Esaawu gaafuma san gara Edoomii\f + \fr 33:16 \fr*\fqa Edoom: \fqa*\ft Yookiin Se'iir jedhama.\ft*\f* deebi'e. \v 17 Yaaqoob ammoo gara addee, «Suukoot» jedhantuu ideemee, achitti ifiif mana, loon ifiitiif gosee ijaare; tanaaf maqaa addee sanii, «Suukoot\f + \fr 33:17 \fr*\fqa Suukoot: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa gosee yookiin gaaddisa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhee moggaase. \p \v 18 Yaaqoob phaadaan-Aaramii yennaa deebi'e, nageyaan gara qachaa Sheekemii ka biyya Kana'aanii keessaa dhufe; inni achi qacha'aan fuula dura qubate. \v 19 Inni sanyii Hamoorii, abbaa Sheekemii irraa lafa dunkaanii irratti dhaabate san, meetii dhibbaan bitate. \v 20 Inni achitti addee ciinca'aa ijaaree, «Waaqi, Waaqa Israa'elii ti» jedhee maqaa baase. \c 34 \s1 Dinaan Bantii Badde \p \v 1 Gaafa tokko Dinaan intalti Yaaqoobii, ta Liyaan deette, dubartoota biyya sanii ilaaliisaaf gad baate. \v 2 Sheekemiin ilmi Hamoorii, nami gosa Hiiwoo, bulchaan lafa sanii, yennaa isii dhagge, hunnaan bantii isi'ii balleesse. \v 3 Inni ammoo shaggummaa Dina'aatiin booji'amee, isii jaalatee, akka isiille isa jaalattuuf hawadate. \v 4 Abbaa ifiille'een, «Intala tana na fuusis» jedhe. \p \v 5 Yaaqoob intalti isaa Dinaan akka bantii badde dhage'e; ilmaan isaa ammoo horii isaa keessa ala waan jiranuuf, haga isaan deebi'anee dhufanutti cadhi jedhe. \v 6 Achiin duuba abbaan Sheekemii Hamoor Yaaqoob woliin dubbatiisaaf bayee dhaqe. \v 7 Ilmaan Yaaqoobii akkuma tikaa dhufaneen waan te'e dhage'ane. Sheekem intala Yaaqoobii hunnaan bantii balleessiisaan kolbaa Israa'elii waan salphiseef, isaan guddoo aarane. \v 8 Hamoor ammoo obboleeyyan Dina'aatiin, «Ilmi kiyya Sheekem intala teessan guddoo jaalateera. Maganne'ee fuudhuutii kenna'aaf. \v 9 Ilmaanii fi durri teenna wol fuudhanuu ti; durra teessan nuu kenna'a; isinille durra teenna fuudha'a. \v 10 As biyya teenna keessa nu woliin turuu dandeettan; addee feetane le'aa, daldalataa lafa qabaatuu hin dandeettan» jedhe. \p \v 11 Sheekem abbaa Dina'aatii fi obboleeyyan Dina'aatiin, «Ani fuula keessan duratti fudhatama dhaggadhuutii malee, waanuma isin jettane hin kenna. \v 12 Gatii intalaa haga feetane na gaafadha'a; isuma callaa fuudhuutii malee, waan isin feetane mara hin kenna» jedhe. \p \v 13 Sheekem obboleettii isaanii Dinaa waan bantii balleesseef, ilmaan Yaaqoobii, isaa fi Hamoorii abbaa isaatiif sobaan deebii kennaneef. \v 14 Isaan, Sheekemii fi abbaa isaatiin, «Nuuti nama haqanqabaa hin qabatiniif, obboleettii teenna kennuu hin dandeennu; kun nu'uuf salphinna. \v 15 Isin akka keenna teetanee, dhiirti teessan duudiin haqanqabaa akka qabatanu yoo gootane qofa, isii isiniif kennuu dandeenna. \v 16 Achiin duuba nuuti durra teenna isiniif hin kennina; nuutille durra teessan hin fuuna; kolbaa tokko teenee woliin hin leena. \v 17 Isin yoo nu dhage'uu dhaddanee haqanqabaa qabatuu diddane, nuuti intala teenna fudhannee hin ideenna» jedhane. \p \v 18 Wonni isaan dubbatane Hamoorii fi ilma isaa Sheekemitti dansaa teetee mudhatte. \v 19 Sheekem intala Yaaqoobii waan jaalateef, waan jedhame godhiisaaf hin turre; inni namoota mana abbaa ifii mara caalaa ulfinna qabaayyu. \p \v 20 Maarre Hamoorii fi ilma isaa Sheekem gara karra qachaa ifii dhaqanee, namoota qachaa saniitiin, \v 21 «Kolbaan tun kolbaa nageyaa ti; nu woliin lafa tana le'anuu ti; bilisaan asii fi achi deddeemanee daldalatanuu ti; kunoo latti nu'uu fi isaaniifille hin geetti; nuutille durra isaanii hin fuuna; durra teennalle isaaniif hin kennina. \v 22 Akkuma isaanii, dhiirti teenna martinuu yoo haqanqabaa qabanne qofa isaaniin wolii gallee woliin leena; kolbaa tokkolle hin teena. \v 23 Yoo akkana goone, loon isaanii, qabeennii fi horiin isaanii marti keenna hin te'anii motii ree? Waan isaan jedhane yoo wolii galle qofa, isaan nu woliin le'uu dande'an» jedhane. \v 24 Kolbaan qacha'aa marti yaada Hamoorii fi ilma isaa Sheekem dhikeessane irratti wolii galanee, dhiirti marti haqanqabaa qabatane. \s1 Obboleeyyan Dina'aa Haluu Isi'iif Baate \p \v 25 Guyyaa sadiin duuba, dhiirti haqanqabaa qabatte adoo hin fayyin, ilmaan Yaaqoobii lamaan, obboleeyyan Dina'aa Shimi'oonii fi Lewwiin, shallaagaa ifii fudhatanee, eennulle adoo hin beekin, gara qacha'aa seenanee, dhiira mara, \v 26 Hamoorii fi ilma isaa Sheekemille ijjeesane. Achiin duuba Dinaa mana Sheekemiitii fudhatanee deemane. \v 27 Ilmaan Yaaqoobii dhibiin reeffa irra dhufanee, sababa obboleettiin isaanii bantii baddeef, qachaa san saamane. \v 28 Isaan hoole'ee fi re'ee isaanii, loon isaanii, harree isaanii, waan qachaa keessaatii fi alaa mara fudhatane. \v 29 Isaan waan gatii qabu mara fudhatanee, dubarti'ii fi ijoollee mara booji'anee, waan mana keessa jiru mara saamane. \p \v 30 Yaaqoob Shimi'oonii fi Lewwi'iin, «Worri biyya tanaa, worri Kana'aanii, worri Pheriizonii jibbanee akka na ijjeesanu godhiisaan, rakkoo natti fiddane; laakkossi nama kiyyaa diqqa'a. Isaan wolitti dacha'anee yoo na lolan; anii fi maatiin tiyya hin banna» jedhe. \p \v 31 Shimi'oonii fi Lewwiin deebisanee, «Sheekem obboleettii teenna akka sagaagaltitti'ii tolchuutii ree?» jedhane. \c 35 \s1 Waaqi Bet'elitti Yaaqoob Eebbise \p \v 1 Waaqi Yaaqoobiin, «Ka'ii gara Bet'elii ol bayii, achi le'i! Yennaa ati obboleessa keeti Esaawu duraa baqatte ana Waaqa sitti mudhateef, addee ciinca'aa ijaar!» jedhe. \p \v 2 Tanaaf Yaaqoob maatii ifiitii fi worra isa woliin jiruun, «Waaqota orma odduu teessanii qaddanu baasa'a; nafa keessan qulqulleeffadha'a; woyaa teessanille jijjiiradha'a. \v 3 Kowaa gara Bet'elii deenna. Waaqa yennaa rakkoo tiyyaa na qarqaaree, addee maratti na woliin jiraateef, addee ciinca'aa achitti hin ijaara» jedhe. \v 4 Maarre isaan waaqota orma odduu ifiitii qabanu mara, qubee gurraalle\f + \fr 35:4 \fr*\fqa Qubee gurraa: \fqa*\ft Qubeen gurraa tun beessisa waaqota isaanii ti.\ft*\f* Yaaqoobitti kennanee, inni qilxaa guddaa qachaa Sheekemii biraa jalatti awwaale. \p \v 5 Yennaa Yaaqoobii fi maatiin isaa achii deemiisaaf ka'ane, Waaqi kolbaa adaala qachootaa irratti sodaa guddoo waan buuseef, isaan hin hordonne. \v 6 Yaaqoob worra isa woliin jiru mara woliin gara Luzii, lafa Kana'aan keessaa, ta amma Bet'el jedhantuu dhaqane. \v 7 Yaaqoob achitti addee ciinca'aa ijaare; yennaa inni obboleessa ifii duraa baqatee ideeme, Waaqi achitti waan isatti mudhateeruuf, addee san, «El-Bet'el\f + \fr 35:7 \fr*\fqa El-Bet'el: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin Waaqa Bet'elii \ft*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhee maqaa baase. \v 8 Yennaa san Deboraan Ribqaa gudditte duutee, qilxaa Bet'el irraa gara kibbaa jiru tokko jalatti awwaalante; tanaaf qilxaan sun, «Qilxaa bowaa\f + \fr 35:8 \fr*\fqa Qilxaa bowaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Alon-Bakut \fqa*\ft jedhame.\ft*\f*» jedhame. \p \v 9 Yennaa Yaaqoob phaadaan-Aaramii deebi'ee dhufe, Waaqi ammalle isatti mudhatee, isa eebbise. \v 10 Waaqi, «Maqaan keeti Yaaqoob; haganaa achi ammoo maqaan keeti, ‹Israa'el› jedhama malee, ‹Yaaqoob› hin jedhamu» jedheen. Tanaaf akkuma Waaqi maqaa isa moggaasetti maqaan isaa, «Israa'el» jedhame. \v 11 Waaqi isaan, «Ani Waaqa waan mara dande'u. Hori, bacadhu! Gosi biyya adda addaa si irraa hin dhaggaman; moototille si irraa hin dhalatan. \v 12 Lafuma Abrahaamii fi Yisihaqiif kenne, si'ii fi sanyii teetiifille hin kenna» jedhe. \v 13 Achiin duuba Waaqi addee isatti dubbate sanitti isa lakkisee biraa ol baye. \v 14 Yaaqoob addee Waaqi isatti dubbate sanitti soodduu dhaabee, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa irratti dhangalaase. \v 15 Tanaaf Yaaqoob maqaa addee Waaqi isatti dubbatee san, «Bet'el» jedhee baase. \s1 Du'a Raaheliitii Fi Dhaloota Beniyaaminii \p \v 16 Yaaqoobii fi maatiin isaa Bet'elii ka'anee, biyya Efraataa geyaaranuun, Raahel ciniinsuu jadduu ciniinsifatte. \v 17 Ciniinsuun yennaa itti jabaatte, dubartiin deessittuu isi'ii, «Raahel, ati ilma dhibii waan deyaartuuf hin sodaatin!» jetteen. \v 18 Raahel ammoo du'iisaaf lubbuun keessaa bayaartuun, maqaa muca'aa, «Ben-Onii\f + \fr 35:18 \fr*\fqa Ben-Onii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa ilma gadda kiyyaa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jettee baatte. Abbaan isaa ammoo, «Beniyaamin\f + \fr 35:18 \fr*\fqa Beniyaamin: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa harka kiyya middicha \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhee baase. \p \v 19 Achiin duuba Raahel duutee, karaa Efraataa dhaqu, ka amma Betlihem jedhamu cina'atti awwaalante. \v 20 Yaaqoob irreensa Raahelii irratti soodduu dhaabe. Soodduun sun haga adhaa achi jirti. \v 21 Israa'el\f + \fr 35:21 \fr*\fqa Israa'el: \fqa*\ft Dur inni Yaaqoob Jedhama.\ft*\f* achii deemee, xelleephoo Edariitiin gara kaanitti qubate. \s1 Ilmaan Yaaqoobii \r (1 Dab. 2:1-2) \p \v 22 Yaaqoob lafa san adoo le'iisatti jiruu, Ruuben niitii abbaa ifii Bilhaa gursumeettii woliin rafe; Yaaqoobille waan kana dhage'e. \p Yaaqoob ilmaan kudhanii lama qabaayyu. \v 23 Ilmaan Liyaan Yaaqoobiif deette: Ruuben ilma angaficha, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon. \v 24 Ilmaan Raahel Yaaqoobiif deette: Yoseefii fi Beniyaamin. \v 25 Ilmaan garbittiin Raahelii Bilbaan Yaaqoobiif deette: Daanii fi Naftaalem. \v 26 Ilmaan garbittii Liya'aa Zilfaan Yaaqoobiif deette: Gaadii fi Asheer. \p Ilmaan Yaaqoobii worri phaadaan-Aaramitti dhalatane isaan kana. \s1 Du'a Yisihaqii \p \v 27 Yaaqoob qachaa Mamre'eetitti Kebroon bira, addee Abrahaamii fi Yisihaq le'ane gara abbaa ifii Yisihaqii dhaqe. \v 28 Yisihaq woggaa dhibbaa fi saddeettama le'e. \v 29 Yisihaq guddoo dulloomee, baralle quufee du'e; ilmaan isaa Esaawu'uu fi Yaaqoob isa awwaalane. \c 36 \s1 Sanyii Esaawu'uu \p \v 1 Hiddi sanyii Esaawuu ka «Edoom» jedhamuu asii gad jiran. \v 2 Esaawuun dubartoota Kana'aan keessaa, Aadaa intala Eloonii nama gosa Heetii, Oholiibaamaa intala Aannaa ilma Zibe'onii nama gosa Hiiwoo fuudhe; \v 3 ammalle intala Ishimaa'elii, obboleettii Nabaayootii, Basmaati fuudhe. \v 4 Aadaan, Eliifaaziin isaaf deette; Basmaati Rewu'el deetteef; \v 5 Oholiibaamaan ammoo Ye'ush, Yaalamii fi Qoraahi deetteef; ilmaan Esaawu'uu tun biyya Kana'aaniititti dhalatane. \p \v 6 Esaawuun dubartoota ifii, ilmaan ifii, durra ifii, namoota mana ifii mara, loon, horii dhibii mara, qabeenna biyya Kana'aaniititti horate maralle fudhatee, Yaaqoobii obboleessa ifii biraa ka'ee, gara lafa dhibi'ii deeme. \v 7 Qabeenni isaanii guddoo waan bacateef, latti isaan gewuu waan dhaddeef, isaan lamaanuu woliin le'iisa hin dandeenne. \v 8 Tanaaf Esaawuun ka «Edoom» jedhamu biyya koobittii Se'iir keessa le'e. \p \v 9 Hiddi dhaloota sanyii Esaawu'uu, ka «Edoomota» jedhamanu, worra biyya koobittii Se'iir keessa le'eef abbaa ka te'ee, asii gad jiran. \v 10 Esaawuun niitii ifii Aadaa irraa ilma Eliifaaz, niitii ifii Basmaati irraa ilma Rewu'el uumate. \v 11 Ilmaan Eliifaazii: Temaan, Omaar, Zafoo, Gaataamii fi Qenaz. \v 12 Eliifaaziin ilmi Esaawu'uu, niitii gursumeettii «Tiimnaa» jedhantu qabaayyu; isiille Amaaleqi deetteef. Isaan kun akkoowwan Aadaa haadha manaa Esaawu'uu ti. \v 13 Ilmaan Rewu'elii: Naahaat, Zeraa, Shamaa fi Miiza'a. Isaan kun akkoowwan Basmaatii haadha manaa Esaawu'uu ti. \p \v 14 Oholiibaamaan, niitiin Esaawu'uu, intalti Aannaa ilma Zibe'onii, ilmaan, «Ye'ush, Yaalam, Qoraahi» jedhamanu Esaawu'uuf deette. \p \v 15 Bulchitooti sanyii Esaawu'uu, ta ilma isaa angaficha Eliifaaz irraa dhutte: Temaan, Omaar, Zafoo, Qenaz, \v 16 Qoraahi, Gaataamii fi Amaaleqi; isaan ilmaan Eliifaazii worra lafa Edoomiititti bulchitoota te'e, akkoowwan Aadaa haadha manaa Esaawu'uu ti. \p \v 17 Bulchitooti sanyii Rewu'elii ilma Esaawu'uu: Naahaat, Zeraa, Shamaa fi Miiza'a; isaan kun ilmaan Rewu'elii worra lafa Edoomiititti bulchitoota te'ane, akkoowwan Basmaatii haadha manaa Esaawu'uu ti. \p \v 18 Worri Oholiibaamaa haadha manaa Esaawu'uu irraa dhalatanee, bulchitoota te'ane: Ye'ush, Yaalamii fi Qoraahi; isaan kun Oholiibaamaa haadha manaa Esaawu'uu intala Aannaa irraa dhalatanee bulchitoota te'ane. \v 19 Isaan kun sanyii Esaawu'uu ka «Edoom» jedhamuu, worra bulchitoota te'ane. \s1 Sanyii Se'iirii \r (1 Dab. 1:38-42) \p \v 20 Ilmaan Se'iirii nama biyya Hoorii, worri duruu biyya keessa jiranu: Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa, \v 21 Diishon, Ezerii fi Diishaan; isaan kun lafa Edoomiititti worra bulchitoota gosa Hoorii te'ane. \p \v 22 Ilmaan Loxaanii: Hoorii fi Hemaan; Tiimnaan obboleettii Loxaanii ti. \p \v 23 Ilmaan Shobaalii: Alwaa, Manahaat, Ebaal, Shefoo fi Onaam. \p \v 24 Ilmaan Zebe'onii: Ayya'aa fi Aannaan; Aannaaniin kun harree Zibe'onii abbaa ifii adoo tissuu, goomolee keessatti ka madda o'u dhagge. \p \v 25 Ilmi Aanna'aa Diishon; intalti isaa Oholiibaama'a. \v 26 Ilmaan Diishonii: Hemdaan, Eshibaan, Yitraanii fi Keraan. \p \v 27 Ilmaan Ezerii: Bilhaa, Zaawaanii fi Aqaan. \p \v 28 Ilmaan Diishaanii: Uzii fi Aaraan. \p \v 29 Bulchitooti worra gosa hoorii: Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa, \v 30 Diishon, Ezer, Diishaan. Isaan kun lafa Edoomiititti worra bulchitoota gosa Hoorii te'ane. \s1 Mootota Biyya Edoomii \r (1 Dab. 1:43-54) \p \v 31 Israa'el irratti mootiin adoo hin mootomin dura, lafa Edoomii irratti moototi mootomane ka asii gad jiranu. \v 32 Bel'aan ilmi Be'orii biyya Edoomii irratti mootii te'e; maqaan qachaa isaa Diinhaba'a. \v 33 Bel'aan yennaa du'e, Yobaab ilmi Zera'aa nami biyya Bozra'aa mootii te'e. \v 34 Yobaab yennaa du'e, Hushaam nami biyya Teema'aa mootii te'e. \v 35 Hushaam yennaa du'e, Hadaad ilmi Badadii ka cinaa biyya Mo'aabiititti worra Miidiyaanii injifate mootii te'e; maqaan qachaa isaalle Aawiit jedhama. \v 36 Hadaad yennaa du'e, Samlaan nami biyya Masreqa'aa mootii te'e. \v 37 Samlaan yennaa du'e, Shaawul nami qachaa Rehobotii ka laga qarqaraa mootii te'e. \v 38 Shaawul yennaa du'e, Ba'aal-Hanaan ilmi Akborii mootii te'e. \v 39 Ba'aal-Hanaan ilmi Akborii yennaa du'e, Hadaad mootii te'e; maqaan qachaa isaa Phaawu jedhama. Niitiin isaa ta «Mahexaabel» jedhantu, intala Maxiredii nama biyya Mezahabii ti. \p \v 40 Bulchitooti sanyii Esaawu'uu irraa dhufane tun, akka maatii maatii isaaniititti, akka addee addee isaaniititti tarreeffamaneeran. Maqaan isaanii: Tiimnaa, Alwaa, Yetet, \v 41 Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon, \v 42 Qenaz, Temaan, Miibzaar, \v 43 Magdii'elii fi Iraam. Isaan kun sanyii Esaawu'uu, bulchitoota Edoomii ti. Latti maatiin tun tokko tokkoonuu leete, maqaa maatii saniitiin beekkama. Esaawuun kun abbaa Edoomotaa ti. \c 37 \s1 Yoseefii Fi Obboleeyyan Isaa \p \v 1 Yaaqoob lafa abbaan isaa le'eeru, lafa Kana'aanii keessa le'e. \v 2 Dabarsiin maatii Yaaqoobii ta asii gadii tana. \p Yoseef dargageessa woggaa kudhanii torbaa yennaa te'etti, ijoollee niitota abbaa ifii, ilmaan Bilha'aatii fi Zilfa'aa obboleeyyan ifii woliin hoole'ee fi re'ee tissaa ture; inni oduu waan badduu isaan hujanee fidee abbaa isaaniititti hime. \p \v 3 Yaaqoob\f + \fr 37:3 \fr*\fqa Yaaqoob: \fqa*\ft Ka «Israa'el» jedhame.\ft*\f* ilma dullummaa keessa dhaggate waan te'eef, ilmaan ifii mara caalaa Yoseef jaalate; inni qoloo seesa qaddu ta harka dheertu'uu hojjachiiseef. \v 4 Obboleeyyan isaa akka abbaan isaanii isaan mara caalaa isa jaalate yennaa dhaggane, isa jibbanee, dubbii nageyaa isatti dubbatuu hin dandeenne. \p \v 5 Gaafa tokko Yoseef oojjuu oojjatee, yennaa inni obboleeyyan ifiititti hime, ittuu caalchisanee isa jibbane. \v 6 Inni, «Ani oojjuu oojjadhe isinitti hima. \v 7 Nuuti fichaa wodhakka'atti laddee qamadi'ii hidhiisatti jiraayyu; laddeen tiyya ol kaatee dhaabbatte; laddeen teessanille isii marsitee sagaddeef» jedheen. \p \v 8 Obboleeyyan isaa deebisanee, «Ati dhugumaan nu irratti mootii hin te'a jettee yaaddaa? Ati dhugumaan nu irratti baallii hin qabaadha jettee yaaddaa?» jedhaneen; obboleeyyan isaa sababa oojjuu isaatii fi waan inni jedheetiif ittuma caalchisanee isa jibbane. \p \v 9 Ammalle oojjuu dhibii oojjatee, obboleeyyan ifiititti himee, «Kunoo, ani oojjuu dhibii oojjadhee, aduun, ji'aa fi urjiin kudhanii tokko naaf sagadanuun dhagge» jedhe. \p \v 10 Yennaa inni abbaa ifiitii fi obboleeyyan ifiititti hime, abbaan isaa «Oojjuun tun oojjuu attamii ti? Ati dhugumaan anii fi haati teeti, obboleeyyan teetille si'iif hin saganna jettee yaaddaa?» jedhee isa xixe. \v 11 Obboleeyyan isaa isa hinaafane; abbaan isaa ammoo waan kana qalbi'itti qabate. \p \v 12 Gaafa tokko obboleeyyan Yoseefii horii abbaa ifii tissiisaaf gara Sheekemii dhaqane. \v 13 Yaaqoob\f + \fr 37:13 \fr*\fqa Yaaqoob: \fqa*\ft Yookiin Israa'el jedhama.\ft*\f*, Yoseefiin, «Obboleeyyan teeti Sheekemitti akka horii tissiisatti jiranu hin beetta. Gara isaanii si ergaa koy» jedhe. \p Yoseefille, «Tole» jedhe. \p \v 14 Abbaan isaa, «Dhaqii, obboleeyyan teetii fi horiin nageyaan akka jiranu ilaaliitii, deebi'ii natti himi» jedheen; akka kanaan abbaan Yoseefii dhooqa Kebroonii irraa isa erge. \p Yoseef yennaa Sheekem geye, \v 15 isaa diida keessa daddaaqu, namichi tokko dhaggee, «Ati maan barbaadda?» jedhee gaafate. \p \v 16 Yoseef deebisee, «Obboleeyyan tiyya barbaadiisatti jira; maganne'ee addee isaan horii tissiisatti jiranu natti himi» jedheen. \p \v 17 Namichi, «Isaan, ‹Dootaan dhandha› woliin jedhanuun waan dhage'eef, asii deemaneeran» jedheen. Tanaaf Yoseef obboleeyyan ifii faana dhaqee Dootaanitti isaan dhagge. \p \v 18 Obboleeyyan Yoseefii adoo inni isaanitti hin dhikaatin, fago'otti isa dhagganee, isa ijjeesiisaaf mala dhowane. \v 19 Isaan wol woliin, «Kunoo, abbaan oojju'uu sun dhufe. \v 20 Kowa'a, isa ijjeennee, reeffa isaa boolla tana keessaa takkatti'itti qolaansinee, bineensatti nyaate jenna. Achiin duuba oojjuun isaa maan akka teetu hin ilaalla» jedhane. \p \v 21 Ruuben ammoo tana yennaa dhage'e, «Hin ijjeennu» jedhee harka isaanii keessaa isa baase. \v 22 Ruuben, isaaniin, «Dhiiga hin dhangalaasina'a; boolla goomole'ee tana keessa buusa'a malee, isa hin miidhina'a» jedhe. Inni harka isaanii keessaa isa baasiisee, abbaa isaatiif isa deebisiisaaf tana jedhe. \v 23 Yoseef obboleeyyan ifii bira yennaa geye, isaan qoloo isaa ta seesa qaddu ta harka dheertu'uu san irraa baasanee, \v 24 boolla duwwaa bisaan keessa hin jirre, keessa buusane. \p \v 25 Achiin duuba isaan sagalee nyaatiisaaf tetee'ane; isaan yennaa ol ilaalane daldaltooti Ishimaa'elootaa, Giil'aadi irraa gara biyya Gibxi'ii gad bu'aaranuun dhaggane. Gaaloti isaanii uddowaa, fiqire'ee fi qumbii ba'ataneeran. \v 26 Achiin duuba Yihudaan obboleeyyan ifiitiin, «Yoo obboleessa keenna ijjeennee, du'a isaa dhossine, bu'aa maan dhagganna? \v 27 Kowa'a, worra Ishimaa'elootaa kanatti isa gurgurra. Inni obboleessa keenna, foonuma keenna waan te'eef, harka keennaan isa hin ijjeennu» jedhe; obboleeyyan isaalle yaada kanatti wolii galane. \v 28 Worri Ishimaa'elootaa daldaltooti Miidiyaanii karaa saniin dabaraa turane; obboleeyyan Yoseefii boolla keessaa ol harkittee isa baattee, meetii diddamatti worra Ishimaa'elootaatitti gurguratte. Isaanille gara biyya Gibxi'ii isa geessane. \p \v 29 Ruuben yennaa gara boollaa deebi'ee dhufe, Yoseef akka achi hin jirre dhaggee, gaddee woyaa ifii tarsaase. \v 30 Inni gara obboleeyyan ifii deebi'ee, «Mucaan achi hin jiru! Ani eessa goru naa woyya ree?» jedhe. \p \v 31 Achiin duuba isaan re'ee qalanee, qoloo Yoseefii dhiiga keessa cuuphane. \v 32 Isaan qoloo seesa qaddu ta harka dheertu'uu san fuudhanee gara abbaa ifii geessanee, «Nuuti qoloo tana dhaggineerra; me ilaali, woyaa ilma keetii moo ta isaatii moti?» jedhaneen. \p \v 33 Innille qoloo beekee, «Qoloo ilma kiyyaa ti! Bineensatti isa nyaateera. Dhugumaan Yoseef kukkutameera» jedhe. \v 34 Achiin duuba Yaaqoob gaddaan woyaa ifii tarsaasee, woyaa gaddaa uffatee, guyyaa hedduu ilma ifiitiif gadde. \v 35 Ilmaan isaatii fi durri isaa duudiin isa jajjabeessiisaaf dhufane; inni ammoo jajjabaatiisa didee, «Ani haga du'utti, ilma kiyyaaf hin gadda» jedhe. Tanaaf ilma ifii Yoseefiif bowe. \p \v 36 Yennaa san worri Miidiyaanii, biyya Gibxi'ii keessatti, ajajaa eeddota mana mootumma'aa ka te'e, qondaalticha mootii Gibxi'ii Phoxiifaaritti Yoseef gurgure. \c 38 \s1 Yihuda'aa Fi Taamaar \p \v 1 Yennaa san Yihudaan obboleeyyan ifii lakkisee, namicha qachaa Adulaamii, ka maqaan isaa, «Hiiraa» jedhamu tokko bira qubate. \v 2 Achitti Yihudaan intala nama biyya Kana'aanii, ka maqaan isaa, «Shuwaa» jedhamuu tokkoo dhagge; inni isii fuudhee isii woliin rafe. \v 3 Isiille ulfoottee ilma deette; innille\f + \fr 38:3 \fr*\fqa Innille: \fqa*\ft Hiikkaan Afaan Ibrootaa \ft*\fqa gariin isiille maqaa isaa, «Eer» jette\fqa*\ft jedha.\ft*\f* maqaa isaa «Eer» jedhee baase. \v 4 Ammalle ulfoottee ilma deette; maqaa isaa, «Onaan» jette. \v 5 Ammalle dabaltee ilma dhibii deette; maqaa isaa, «Shelaa» jette. Isiin biyya Kiziibiititti mucaa kana deette. \p \v 6 Yihudaan ilma ifii angaficha Eer, intala, «Taamaar» jedhantu fuusise. \v 7 Ilmi Yihuda'aa angafichi, Eer ammoo, Waaqa duratti nama hamaa waan te'eef, Waaqi isa ijjeese. \v 8 Achiin duuba Yihudaan, Onaanii obboleessa Eeriitiin, «Gara niitii obboleessa keeti ka du'ee dhaqii, isii dhaaliitii, obboleessa keetiif sanyii dabarsi» jedhe. \v 9 Onaan sanyiin ta isaa akka hin teene waan beekeef, niitii obboleessa ifii woliin yennaa rafu mara, bisaan ifii ka sanyii te'u san lafatti jissee, obboleessa ifii sanyii malee hambure. \v 10 Wonni Onaan godhe kun Mootii Waan Maraa waan gaddisiitteef, Mootii Waan Maraa isalle ijjeese. \v 11 Achiin duuba Yihudaan, «Ilmi kiyya akkuma obboleessa ifii du'a» jedhee waan sodaateef, Taamaarii niitii ilma ifiitiin, «Haga ilmi kiyya Shelaan guddatutti haadha hiyyeessaa te'ii mana abbaa keetii tee'i» jedheen; Taamaarille dhaxxee mana abbaa ifii teette. \p \v 12 Bara heddu'uun duuba, niitiin Yihuda'aa intalti Shuwa'aa duute; Yihudaan gadda ifii fixateen duuba, ka'ee jaala ifii ka, «Hiiraa» jedhamu, nama qachaa Adulaamii san woliin gara Tiimnaa lafa hoolota isaa irraa rifeensa muranu dhaqe. \v 13 Namooti, Taamaariin, «Abbaan sodda'aa keeti hoolota ifii irraa rifeensa mursiisiisaaf, Tiimna'atti ol hin baya» jedhane. \v 14 Shelaan fuudha geyeeraayyu; Taamaar ammoo isatti akka heerumsiifamaa hin jirre dhaggitee, woyaa haadha hiyyeessumma'aa jijjiirattee, fuula ifii shaashi'iin hagooggattee, karaa Tiimnaa dhaqu cinaa, seensuma Enaayimii dura teette. \p \v 15 Taamaar fuula ifii shaashi'iin waan hagooggatteef, Yihudaan sagaagaltittii seye malee, isii hin beenne. \v 16 Isiin niitii ilma isaa akka teete waan hin beekiniif inni gara isi'ii dhaqee, «Si woliin rafuu?» jedheen. \p Isiin, «Yoo ani si woliin rafe maan naa kennita?» jettee gaafatte. \p \v 17 Inni deebisee, «Re'oota tiyya keessaa korbeessa buruusoo sii erga» jedheen. \p Isiin deebittee, «Haga ati korbeessa buruusoo naa ergitu waan qabadhu tokko naa kenni» jetteen. \p \v 18 Yihudaan, «Waan qabattu maan sii kenna?» jedhe. \p Isiin, «Qubee maqaan keeti irra jiru, waan ittiin mormatti hidhatanu woliin, ulee qabatteertu tanalle natti kenni» jette. \p Innille kenneefii, isii woliin rafe; isiille isaaf ulfootte. \v 19 Achiin duuba Taamaar gara manaa dhaxxee, shaashii hagooggatte ifi irraa fuutee, woyaa haadha hiyyeessumma'aa san deebittee uffatte. \p \v 20 Yennaa diqqo'oon duuba, Yihudaan qube'ee fi waan ittiin mormatti hidhatanu, ulee dubartitti'itti kenneerulle deebifatiisaaf, buruusoo korbeessa re'e'ee tokko, jaala ifii nama qachaa Adulaamiitiin erge; inni ammoo isii dhaggiisaaf hin dandeenne. \v 21 Inni namoota qachaa Enaamiitiin, «Sagaagaltittiin seensuma qachaa Enaamii cinaa jirtu takka eessa gorte?» jedhe. \p Isaan deebisanee, «Lakkii, sagaagaltittiin as hin jirtu» jedhane. \p \v 22 Maarre inni gara Yihuda'aa deebi'ee, «Ani dubartittii dhagguu hin dandeenne; namooti achi le'anulle, ‹Sagaagaltittiin as hin jirtu› anaan jedhane» jedhe. \p \v 23 Yihudaan deebisee, «Ani korbeessa buruusoo san isi'iif ergeeraayyu; ati ammoo isii dhagguu hin dandeenne; namooti akka nutti hin kolline, waan qabatte san fudhattuu ti» jedhe. \p \v 24 Gara ji'a sadiitiin duuba, «Niitiin ilma keetii Taamaar sagaagaltee ulfootteerti» jedhee nami tokko Yihuda'atti hime. \p Yihudaan, «Gad isii baasa'a, guba'aa ijjeesa'a» jedhee ajaje. \p \v 25 Isiin yennaa qabantee gad baate, «Ani abbaa qube'ee fi ulee tanaatiif ulfoye. Qubee maqaan irra jiruu fi waan ittiin hidhatanu woliin\f + \fr 38:25 \fr*\fqa Waan ittiin hidhatanu: \fqa*\ft jechuun wodaroo mormattiin keyatanu.\ft*\f*, ulee tanalle ilaaliitii, ka eennuu akka te'ane natti himi?» jettee abbaa soddaa ifii Yihuda'atti ergite. \p \v 26 Yihudaan meya san hubatee ilaalee, «Waan ani ilma kiyya Shelaa isii fuusisuu dhabeef, isiin na caalaa dhugaa qaddi» jedhe. Inni deebi'ee isii woliin hin ranne. \p \v 27 Yennaan Taamaar deettu yennaa geette, lakkuu akka gadha'aa qaddu beekkame. \v 28 Adoo isiin deyiisatti jirtuu, finni tokko harka gad baafate. Dubartittiin deessittu qaddee, liilana diimaa harka isaatitti hiitee, «Isatti dursee dhalate» jette. \v 29 Yennaa inni harka ifii keessatti deebifate ammoo, obboleessi isaa dursee dhalate. Dubartittiin deessitelle, «Ati attam attam cassitee baate!» jettee, maqaa isaa «Faares\f + \fr 38:29 \fr*\fqa Faares: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin Cassee bawuu \ft*\ft jechu'u.\ft*\f*» jette. \v 30 Achiin duuba, finni liilana diimaa harka irraa qabu dhalate; maqaa isaalle, «Zaaraa\f + \fr 38:30 \fr*\fqa Zaaraa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Diimaa cululuqaa \ft*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhanee baasane. \c 39 \s1 Yoseefii Fi Niitii Phoxiifaarii \p \v 1 Yoseef gara biyya Gibxi'ii gad geessane; qondaaltota mootii Gibxi'ii keessaa tokkochi, phoxiifaariin nami biyya Gibxi'ii ajajaan eeddota mana mootumma'aa, worra Ishimaa'elootaa ka gara biyya Gibxi'ii isa fide irraa Yoseef bitate. \v 2 Mootiin Waan Maraa waan Yoseef woliin jiraateef, wonni inni huju teeteef; inni mana goottaa ifii, Phoxiifaarii nama biyya Gibxi'ii keessa le'aa ture. \v 3 Phoxiifaar akka Mootiin Waan Maraa Yoseef woliin jiruu fi hujiin isaa marti akka isaaf teetu akka godhe dhaggee, \v 4 Yoseefitti gammadee, tajaajilaa ifii godhate; inni ajajaa mana ifii isa godhee, qabeenna ifii mara irralle'etti itti gaafatamaa godhe. \v 5 Yennaa saniin jalqabee, Mootiin Waan Maraa sababa Yoseefiitiif jedhee, qabeenna manaatii fi fichaa namicha biyya Gibxi'ii san mara eebbise. \v 6 Tanaaf Phoxiifaar waan qabu mara harka Yoseefiititti lakkise; Phoxiifaar waan nyaatu malee, waan tokkolle'eef hin yaaddawuuyyu. \p Yoseef akkaa fi dhaaballe'een nama miidhaga'a. \v 7 Yennaa diqqo'oon duuba niitiin goottaa isaa Yoseef ilaaltee jaalattee, «Ana woliin rafi» jetteen. \v 8 Inni ammoo didee, niitii goottaa ifii saniin, «Goottaan kiyya waan mana keessaa maraaf tokkolle hin yaaddawu; waan qabu mara irratti itti gaafatamaa na godheera. \v 9 Mana kana keessatti goottaan kiyya na caalaa baallii hin qabu; ati waan niitii isaa teeteef si malee, wonni inni natti hin kennin hamburate tokkolle hin jiru. Ani attam waan hantuu akkanaa hujee, Waaqa yakka ree?» jedhe. \v 10 Dubartittiin guyyuma guyya'aan Yoseefitti dubbattulle, inni ammoo isii woliin rafiisa yookiin isii biratti dhaggamiisa didate. \p \v 11 Gaafa tokko Yoseef hujii ifii hujatiisaaf, gara manaa yennaa seene, tajaajiltoota manaa keessaa tokkolle achi hin jiranuuyyu. \v 12 Niitiin goottaa isaa woyaa isaa qabattee, «Koy, na woliin rafi» jetteen. Yoseef ammoo woyaa ifii isii harkatti lakkisee, baqatee manaa baye. \v 13 Isiin akka inni woyaa ifii isii harkatti lakkisee, alatti baqatee baye yennaa dhaggite, \v 14 tajaajiltoota mana isi'ii keessa hujanu waantee, «Kunoo, namicha Ibraawicha nu fokkisiisaaf abbaan manaa kiyya as fide kana ilaala'a. Inni hunnaan na woliin rafiisaaf gara kolloo tiyyaa seene; ani ammoo qoonqoo ol qabadhee itti iyye. \v 15 Inni akka ani qoonqoo ol qabadhee iyye dhage'ee, woyaa ifii na biratti lakkisee, baqatee manaa baye» jette. \p \v 16 Isiin haga goottaan isaa galutti woyaa isaa ifi bira keyattee eedde. \v 17 Achiin duuba isiin, «Garbichi Ibraawichi ati as fidde sun na fokkisiisaaf gara kolloo tiyyaa seene. \v 18 Akkuma ani qoonqoo ol qabadhee iyyeen, woyaa ifii na biratti lakkisee, alatti baqate» jette. \p \v 19 Niitiin isaa, «Garbichi keeti akkana na godhe» jettee waan isatti hinte yennaa dhage'e, goottaan Yoseefii guddoo aare. \v 20 Tanaaf Yoseef fuudhee, mana hidha'aa ka worri mootichi hiisiseeru keessa jirutti isa galche. Yoseefille hidhaa keessa achi ture. \v 21 Mootiin Waan Maraa ammoo Yoseef woliin jiraatee, jaalala ifii ka bara baraa isatti mudhisee, ajajaa mana hidha'aa duratti akka Yoseef fudhatama dhaggatu godhe. \v 22 Ajajaan mana hidha'aa sun, namoota mana hidha'aa keessa jiranu maraa fi waan mana hidha'aa san keessatti hujamu mara irratti Yoseef itti gaafatamaa godhe. \v 23 Mootiin Waan Maraa Yoseef woliin jiraatee, wonni inni huju marti akka isaaf teetu waan godheef, ajajaan mana hidha'aa waan Yoseef itti gaafatamaa itti te'e isatti lakkisee, itti hin yaaddonne. \c 40 \s1 Yoseef Oojjuu Worra Hidhameeruu Hiike \p \v 1 Wonni kun teetee yennaa diqqo'oon duuba, itti gaafatamaan daadhii woyni'ii mootichaatii fi itti gaafatamaan mana sagalee mootichaa yakkaa mooticha gaddisiichu hujane. \v 2 Mootichi qondaaltota ifii lamaan itti gaafatamaa daadhii woyni'iitii fi itti gaafatamaa mana sagale'eetitti aaree, \v 3 adduma Yoseef itti hidhameeru, mana ajajaa eeddotaa keessatti akka hidhamanu godhe. \v 4 Ajajaan mana hidha'aa Yoseefitti isaan kennee, innille isaan tajaajile. Isaan mana hidha'aa keessa yennaa diqqoo turane. \p \v 5 Halkan tokko qondaaltoti mootichaa lamaanuu, itti gaafatamaan daadhii woynii mootichaatii fi itti gaafatamaan mana sagalee mootichaa oojjuu oojjatane. Oojjuun tokko tokkoon isaaniituu oojjatane tun, hiikaa adda addaa qaddiiyyu. \v 6 Boruyyaa ganama yennaa Yoseef gara isaanii dhufe, isaan fuula badaneeranuun dhagge. \v 7 Inni, «Isin adha maaf fuula baddaneertan?» jedhee isaan gaafate. \p \v 8 Isaan deebisanee, «Halkan edaa nuuti lamaanuu oojjuu oojjannee, ammoo nami hiiku tokkolle dhabame» jedhane. \p Yoseef isaaniin, «Oojjuu hiikiisaaf ka dandeessisu Waaqa; oojjuu teessan natti hima'a» jedhe. \p \v 9 Itti gaafatamaan daadhii woynii mootichaa oojjuu ifii Yoseefitti himee, «Ani oojju'uun muka woyni'ii tokko fuula kiyya duratti dhagge; \v 10 muki woyni'ii sun dameelee sad qabaayyu. Akkuma baala baaseen daraaree, unkuruurrille bilchaate. \v 11 Ani muduunuu mootichaa qabadheeraayyu; maarre ani unkuruura fuudhee, muduunuu keessatti cunfee, mootichatti kenne» jedhe. \p \v 12 Yoseef namichaan, «Hiikkaan Oojjuu teetii tana: dameeleen sadiin sun guyyoota sad. \v 13 Guyyaa sad keessatti mootichi Gibxi'ii hidhaa keessaa si hiika; yakkaa teeti sii lakkisee, addee hujii teeti duriititti si deebisa; akkuma dur itti gaafatamaa daadhii woyni'ii isaa yennaa teeteertu gootu, muduunuu harka mootichaatitti hin kennita. \v 14 Yennaa si'iif tolu sanitti ammoo na yaadadhu! Maganne'ee, marroo waan kiyyaa mooticha Gibxi'iititti himiitii, mana hidha'aa kana keessaa na baasiisaan waan dansaa naa godhi! \v 15 Ani biyya Ibrootaa keessaa hunnaan hatamee dhufe; biyya kanalle'etti waan mana hidha'aa keessa na galchu, waan tokkolle hujee hin jiru» jedhe. \p \v 16 Itti gaafatamaan mana sagale'eelle hiikkaan oojju'uu dansaa akka teete dhaggee, oojjuu ifiille Yoseefitti himatee, «Anille oojju'uun daabboon kollonjoon sadiin mataa irra na jirtuun dhagge. \v 17 Kollonjoo ol aantu keessa sagaleen adda addaa ta mootichaaf qophoottetti jiraayyu; sinbirrooti ammoo kollonjoo san keessaa sagalee san nyaatiisatti jirtiiyyu» jedhe. \p \v 18 Yoseef deebisee, «Hiikkaan oojjuu teetii tana: saaxaraan sadiin sun guyyoota sad. \v 19 Guyyaa sad keessatti mootichi Gibxi'ii hidhaa keessaa si hiikee, morma keeti si irraa mursiiseen duuba reeffa keeti mukatti hin fannisiisa; sinbirrootille foon keeti hin nyaatan» jedhe. \p \v 20 Guyyaa sadiin duuba, mootichi biyya Gibxi'ii jila dhaloota ifii irratti, qondaaltota ifiitiif nyaata qopheesse; inni fuula qondaaltota ifii duratti itti gaafatamaa daadhii woyni'ii ifiitii fi itti gaafatamaa mana sagalee ifii hiike. \v 21 Mootichi itti gaafatamaa daadhii woyni'ii ifii addee isaa ta duriititti deebise; innille akkuma durii muduunuu harka mootichaatitti kenne. \v 22 Itti gaafatamaa mana sagale'ee ammoo muka irratti fannisiise. Wonni marti akkuma Yoseef isaaniif hiike teete. \v 23 Itti gaafatamaan daadhii woyni'ii ammoo Yoseef hin qaabanne; inni marroo waan isaa mara dedhe. \c 41 \s1 Yoseef Oojjuu Mootichaa Hiike \p \v 1 Woggaa lamaan duuba, mootichi biyya Gibxi'ii oojjuu oojjate; inni oojju'uun laga Nayilii bira dhaabbatee, \v 2 loon dadansaan gagabboon torba bisaan keessaa bayanee, achi dhadhaabbatanee, marra dheedanuun dhagge. \v 3 Achiin duuba, ammalle loon huhuqqoon googiraan torba bisaan keessaa bayanee, loon dadansaa gagabboo kaan bira dhaabbatane. \v 4 Loon huhuqqoon googiraan sun loon dadansaa gagabboo kaan nyaatane. Achiin duuba mootichi dammaqe. \v 5 Mootichi Gibxi'ii ammalle deebi'ee rafee, lammeessoo oojjuu oojjate. Unkuruurri midhaanii torba midhaan unkuruurfatee, dansoomee agadaa tokko irratti lateeruun dhagge. \v 6 Saniin duuba, unkuruura midhaanii ka qoore ka qilleensi gara aduun baatuu gube torba lateeruun dhagge. \v 7 Unkuruurri qomore sun unkuruura midhaanii dadansaa san nyaate. Achiin duuba mootichi dammaqee, akka oojjuu teete beeke. \v 8 Boruyyaa ganama yaad mootichaa waan raafameef, worra xano'ootii fi worra beekkolee biyya Gibxi'ii maratti ergee waansisee, oojjuu ifii isaanitti hime; nami tokkolle ammoo oojjuu isaa hiikuu hin dandeenne. \p \v 9 Achiin duuba itti gaafatamaan daadhii woyni'ii mootichaan, «Ani yakkaa tiyya adha qaabadhe. \v 10 Yennaa takka ati itti gaafatamaa mana sagale'eetii fi natti mufattee, mana ajajaa eeddotaa keessatti nu hiisitteertaayyu. \v 11 Adoo achi keessa jirruu nuuti lamaanuu halkanuma tokkocha oojjuu oojjanne; oojjuun sun tokko tokkoonuu hiikkaa adda addaa qaddiiyyu. \v 12 Dargaggeessi worra Ibrootaa tokko, tajaajilaan ajajaa eeddotaa, hidhaa keessa nu woliin ture. Yennaa nuuti oojjuu teenna isatti hinne; innille hiikkaa oojjuu teennaa nu'uuf hime. \v 13 Wonni marti akkuma inni jedhe teetee; ani addee tiyyatti deebi'ee, itti gaafatamaan mana sagale'ee ammoo fannifame» jedhe. \p \v 14 Tanaaf mootichi Yoseefitti ergee, yoosuma mana hidha'aa keessaa fidane. Innille mataa haadatee, woyaalle jijjiiratee, mooticha dura dhikaate. \p \v 15 Mootichi isaan, «Ani oojjuu oojjadheeru qaba. Nami tokkolle ammoo hiikkaa isi'ii naaf himuu hin dandeenne. Ati yennaa oojjuu si'itti himane hiikuu dandeetta jechuu dhage'eera» jedhe. \p \v 16 Yoseef deebisee, «Ani oojjuu hiikuu hin dande'u, Waaqi ammoo hiikkaa dansaa oojjuu teetiif hin kenna» jedhe. \p \v 17 Achiin duuba mootichi Yoseefiin, «Ani oojju'uun laga Nayilii bira dhaabbadhee, \v 18 loon dadansaan gagabboon torba laga keessaa bayanee, marra dheedanuun dhagge. \v 19 Achiin duuba, loon huhuqqoon googiraan dhibiin torba bisaan keessaa bayanuun dhagge. Ani loon akkas jibbisiisanu lafa Gibxi'ii keessatti ijjumaa dhaggee hin beeku. \v 20 Loon huhuqqoon jibbisiisanu sun, loon dadansaa gagabboo torba ka qaraa san nyaatane. \v 21 Isaan ammoo loon torba san nyaataneen duuba, akkuma durii huhuqqatanee googiraawanee waan jiranuuf, akka isaan nyaataneeranu nami tokkolle beekuu hin dandeenne. Ani achiin duuba dammaqe. \v 22 Ani ammalle oojjuu dhibii oojjadhee, unkuruura midhaanii ka midhaan unkuruurfate dadansaa torba agadaa tokko irratti lateeru dhagge. \v 23 Achiin duuba, unkuruurri qooraan dhibiin torba ka qilleensa gara aduun baatuutiin gubatane torba latane. \v 24 Achiin duuba unkuruurri qoore sun unkuruura dadansaa torba san liqinsane. Ani oojjuu san worra morutti hime; nami hiikkaa isi'ii naaf hime ammoo tokkolle hin jiru» jedhe. \p \v 25 Yoseef mootichaan, «Hiikkaan oojjuu teeti lamaaniituu tokkuma. Waaqi waan gara duraa hujaaru si'itti mudhiseera. \v 26 Loon dadasaan torba woggaa torba; unkuruurri midhaanii dadansaalle woggaa torba. Hiikkaan oojjuu lamaaniituu tokkuma. \v 27 Loon huhuqqoon jibbisiisanu torbaa fi unkuruurri midhaanii qooraan qilleensa gara aduun baatuutiin gubatane ka isaaniin duuba dhufane, woggaa beelaa torba. \v 28 Dubbiin akkuma ani sitti hime, mooticha! Waaqi waan gara duraa hujaaru si'itti mudhiseera. \v 29 Lafa Gibxi'ii mara keessatti woggooti misa gudda'aa torba hin dhufan. \v 30 Woggoota torba saniin duuba ammoo, woggooti beelaa torba hin dhufan; woggooti misa gudda'aa ka lafa Gibxi'ii sun duudiin hin dedhama; beelti biyya hin fixxi. \v 31 Beelti itti aantu hantuu waan teetuuf, woggoota misa gudda'aa san hin dedhan. \v 32 Oojjuun lamaan ati oojjatte tun waan Waaqaan murteeffamee fi waan inni yennaa dhikoo keessatti godhu'uu jiru mudhitti. \p \v 33 «Maarre mooti'i, nama qarumma'aa fi hubantii qabu filadhuutii, biyya Gibxi'ii irratti muudi. \v 34 Ammalle qondaaltota dhibii worra woggoota misa gudda'aa torba san keessa, midhaan harka shan keessaa tokko fuudhanu filadhuutii muudi. \v 35 Isaan woggoota dansaa dhufaartu keessatti midhaan mara wolitti guuranee, baallii mootichaa jalatti qachaa keessatti wolitti qabanee eeganuu ti. \v 36 Woggoota beelaa torba ta biyya Gibxi'ii irratti dhufaartu keessatti, biyyi beelaan akka hin banne, midhaan kun biyyaaf akka te'u maffamanuu ti» jedhe. \s1 Yoseef Gibxii Irratti Bulchaa Te'e \p \v 37 Yaadi kun mooticha Gibxi'iitii fi qondaaltota isaa mara gammachiise. \v 38 Mootichi, qondaaltota ifiitiin, «Nuuti nama Ayyaanni Waaqaa keessa jiru ka akkanaa kana dhaggatiisa dandeennaa?» jedhe. \v 39 Maarre mootichi, Yoseefiin, «Waaqi waan kana mara si'itti mudhiseera. Qaro'oo fi hubataan akka keetii tokkolle hin jiru. \v 40 Ani biyya tiyya irratti bulchaa si godha. Kolbaan tiyya martille akka ati ajajjutti hin ajajanti. Na qofatti baalli'iin si caala» jedhe. \v 41 Mootichi Gibxi'ii, Yoseefiin, «Kunoo, ani lafa Gibxi'ii duudii irratti baallii sii kenneera» jedhe. \v 42 Achiin duuba mootichi qubee ifii ta chaappa'aa\f + \fr 41:42 \fr*\fqa Qubee ifii ta chaappa'aa: \fqa*\ft Bara san mootichi chaappaa ifii qubee ifii irratti hujisiifata\ft*\f* ifi irraa baasee, quba Yoseefiititti keye. Inni woyaa quncee talba'aa irraa hujante dansaalle itti uffisee, haachaba worqi'ii morma isaatitti keye. \v 43 Mootichi garreettaa fardaa ka isatti aanu irra isa teessisee, worri garreettaa farda isaa dura deemanu lallabaa, «Gad jedha'a! Gad jedha'a!» jedhane; mootichi akka kanaan lafa Gibxi'ii mara irratti Yoseefiif baallii kenne. \v 44 Mootichi Yoseefiin, «Ani mootii te'ulle, eeyyama keetiin malee nami lafa Gibxi'ii keessa jiru marti harka yookiin miila ifii hin tatachoofatu» jedhe. \v 45 Mootichi, «Zaafenaat-Phane'aa» jedhee maqaa Yoseefiif kenne; intala Phoxii-Feraa hayyicha qachaa Onii, ta «Asenaat» jedhantu, Yoseef heerumsiise. Yoseefille lafa Gibxi'ii duudii keessa deddeeme. \v 46 Yoseef yennaa mooticha biyya Gibxi'ii tajaajiliisa jalqabe nama woggaa soddomaa ti. Inni mana mootumma'aa lakkisee lafa Gibxi'ii mara keessa deddeeme. \v 47 Woggaa misaa torba san keessa latti midhaan bacaa kennite. \v 48 Yoseefille midhaan woggaa misaa torba lafa Gibxi'ii keessatti dhaggame san qachoota keessatti kuuse. Midhaan inni qachuma qacha'atti wolitti qabe sun fichuma adaala qachoota saniitii ka dhaggame. \v 49 Yoseef midhaan akka maansa qarqara abbaaya'aa bacatu kuuse; midhaan guddoo waan bacateef inni safariisaayyuu lakkise. \p \v 50 Woggooti beelaa sun adoo hin dhufin dura, Yoseef ilmaan lama Asenaatii intala Phoxii-Feraa irraa uumate; Phoxii-Feraan hayyicha qachaa Onii ti. \v 51 Yoseef, «Waaqi rakkinna kiyya maraa fi worra kiyya mara akka dedhu na godhe» jedhee maqaa ilma ifii angafichaa, «Minaasee\f + \fr 41:51 \fr*\fqa Minaasee: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin dedhuu jechu'u.\ft*\f*» jedhee baase. \v 52 Yoseef ilma lammeesso'oo, «Waaqi lafa ani itti rakkadhetti ijoollee na horsiise» jedhee maqaa isaa, «Efreem\f + \fr 41:52 \fr*\fqa Efreem: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin horuu jechu'u.\ft*\f*» jedhee baase. \p \v 53 Woggooti misaa torba ta biyya Gibxi'ii keessaa muummotte. \v 54 Achiin duuba akkuma Yoseef jedhe, woggooti beelaa torba dhufiisa jalqabane. Biyya dhibii duudii keessa beelti buute; biyya Gibxi'ii ammoo sagaleen jirtiiyyu. \v 55 Biyya Gibxi'ii duudii keessatti beelti jabaannaan, kolbaan sagale'eef mootichatti iyyite. Inni worra Gibxi'iitiin, «Gara Yoseefii dhaqa'aatii, waan inni isiniin jedhu godha'a» jedhe. \v 56 Beelti biyya Gibxi'ii duudii keessatti jabaannaan, Yoseef mana kuusa'aa banee midhaan kolbaa Gibxi'iititti gurgure. \v 57 Beelti biyya lafaa duudii irratti waan jabaatteef, namooti biyya lafaa duudii irraa midhaan Yoseef irraa bitatiisaaf, gara biyya Gibxi'ii dhufane. \c 42 \s1 Obboleeyyan Yoseefii Gara Biyya Gibxi'ii Dhaxxe \p \v 1 Yaaqoob midhaan biyya Gibxi'ii akka jiru yennaa beeke, ilmaan ifiitiin, «Maaf cadhittanee woli ilaaltan? \v 2 Ani biyya Gibxi'ii midhaan akka jiru dhage'eera; nuuti akka hin duuneef, midhaan achii nuuf bita'a» jedhe. \v 3 Maarre obboleeyyan Yoseefii kudhan biyya Gibxi'iitii midhaan bitatiisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqane. \v 4 Yaaqoob wonni hantuun isa irra dhaqqaddi jedhee waan sodaateef, Beniyaaminii tiruu Yoseefii, obboleeyyan isaa worra kaan woliin hin ergine. \p \v 5 Lafa Kana'aaniititti beelti waan buuteef, ilmaan Israa'elii\f + \fr 42:5 \fr*\fqa Ilmaan Israa'elii: \fqa*\ft Yookiin ilmaan Yaaqoobii jedhamuu hin dande'a.\ft*\f* kolbaa dhibii hedduu woliin midhaan bitatiisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqane. \v 6 Yoseef bulchaa biyya Gibxi'ii waan te'eef, inni worra midhaan bitatiisa dhufuuf midhaan gurgursiisaayyu. Maarre obboleeyyan isaa gara isaa yennaa dhufane, isa duratti fuulaan lafatti gad jedhaneef. \v 7 Yoseef yennaa obboleeyyan ifii dhagge, isaan eennu akka te'ane beeke; ammoo akka isaan hin beennee te'ee, aari'iin, «Eessaa dhuttane?» jedhee gaafate. \p Isaan deebisanee, «Nuuti midhaan bitatiisaaf biyya Kana'aaniitii dhunne» jedhane. \p \v 8 Yoseef obboleeyyan ifii beekulle, isaan isa hin beenneeyyu. \v 9 Achiin duuba Yoseef oojjuu ifii marroo isaanii oojjate qaabatee, isaaniin, «Isin worra woy dooyu; biyyi teenna eessa gulaan dadhabbii akka qaddu ilaaliisaaf dhuttane» jedhe. \p \v 10 Obboleeyyan isaa ammoo, «Lakkii, gootta'a. Nuuti tajaajiltooti teeti midhaan bitatiisaaf dhunne. \v 11 Nuuti martinuu ilmaan abbaa tokkoo ti; nuuti worra addatama'a malee, worra dooyuu moti» jedhane. \p \v 12 Yoseef, isaaniin, «Lakkii! Isin biyyi teenna eessa gulaan dadhabbii akka qaddu ilaaliisaaf dhuttaneertan» jedhe. \p \v 13 Isaan deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti obboleeyyan kudhanii lama, ilmaan abbaa tokkoo, ka lafa Kana'aanii keessa le'uu ti. Obboleessi keenna maandhichi amma abbaa keenna bira jira. Tokkochi du'eera» jedhane. \p \v 14 Yoseef ammoo isaaniin, «Akkuma ani isiniin jedhe: isin worra dooyu. \v 15 Isin amma tanaan qorqorantan: obboleessi keessan maandhichi haga as dhufutti, ani maqaa mootichaatiin kakadhaa, asii hin baatanu. \v 16 Isin keessaa nami tokko deemee obboleessa keessan fiduu ti. Wonni isin jettane dhugaa te'uu isi'ii haga qorqorantutti isin worri hafe hin hidhantan. Dubbiin teessan soba yoo teete, maqaa mootichaatiin kakadhaa, isin worra dooyu» jedhe. \v 17 Achiin duuba Yoseef guyyaa sadiif isaan hiisise. \p \v 18 Guyyaa sadeesso'ootitti, Yoseef, isaaniin, «Ani nama Waaqa sodaatu waan te'eef, hin leetaniitii waan ani isinitti himu kana godha'a: \v 19 Isin namoota addatamu yoo teetane, obboleeyyan teessan keessaa tokkochi as hidhaa keessatti hafuu ti; worri hafe maatii teessan ta beelowiisatti jirtu saniif midhaan ba'atee deemuu ti. \v 20 Achiin duuba obboleessa keessan maandhicha as naa fida'a. Kanaan akka isin dhugaa dubbatiisatti jirtanu ani hin beeka, isinille hin duutanu» jedhe. \v 21 Isaan wol woliin, «Nuuti yakkaa obboleessa keenna irratti hunyeef, amma rakkatiisatti jirra; nuuti rakkoo isaa dhagginee, innille akka nuuti isa fayyinnuuf nu kadhatee, nuuti ammoo isa dhage'uu didanne. Nuuti amma sababa kanaaf rakkoo tana keessa jirra» jedhane. \p \v 22 Achiin duuba Ruuben, isaaniin, «Ani akka isin mucaa hin miine isinitti himeeraayyu; isin ammoo na dhage'uu diddane. Maarre nuuti amma waan isa irratti hunyeef gatii dhaggatiisatti jirra» jedhe. \v 23 Yoseef waan isaan jedhanu hin beekaayyu; isaan ammoo karaa nama afaan hiikuutiin isa woliin waan dubbatiisatti jiranuuf, akka inni dubbii isaanii beeku hin beenne. \v 24 Yoseef isaan biraa deemee bowe; achiin duuba gara isaanii deebi'ee isaanitti dubbate. Isaan keessaa Shimi'oon fuudhee adoo isaan dhagganuu hiisise. \s1 Obboleeyyan Yoseefii Gara Kana'aanii Deebi'ane \p \v 25 Yoseef akka qalqalluu isaanii midhaaniin guutanee, beesee isaan midhaaniif kaffalaneeranu deebisanee, subba tokko tokkoo isaanii keessa keyanee, galaalle galaasanuuf tajaajiltoota ifii ajaje. \v 26 Obboleeyyan Yoseefii midhaan harree ifiititti fe'atanee achii deemane. \v 27 Addee halkan bulanetti, isaan keessaa tokkochi harree ifiitiif midhaan kenniisaaf, qalqalluu ifii yennaa hiikee, afaan qalqalluu ifii keessatti beesee ifii dhagge. \v 28 Inni obboleeyyan ifii waamee, «Beeseen ani midhaaniif kaffale naaf deebiteerti. Kunoo, qalqalluu kiyya keessa jirti!» jedhe. Isaan sodaatanee hollatanee, wol woliin, «Waaqi maan nutti fide?» jedhane. \v 29 Isaan lafa Kana'aanii gara abbaa ifii Yaaqoobii yennaa dhufane, waan isaan irra dhaqqabe mara isatti himane. \v 30 Isaan, «Bulchaan biyya Gibxi'ii, aari'iin nutti dubbatee, ‹Biyya tiyya dooyiisa dhuttane› jedhee, nu himate. \v 31 Nuuti ammoo, ‹Nuuti namoota addatamu malee, worra dooyuu moti. \v 32 Nuuti obboleeyyan kudhanii lama, ilmaan abbaa tokkoo ti. Obboleessi keenna tokkochi du'eera; tokkochi lafa kana'aanii abbaa keenna woliin jira› jenneen. \v 33 Achiin duuba bulchaan biyya Gibxi'ii sun, ‹Namoota addatamu te'uu keessan akka ani ittiin beeku, isin keessaa tokko na woliin turuu ti; worri hafe maatii teessan ta beelowiisatti jirtu saniif midhaan fuudha'aa deema'a. \v 34 Obboleessa keessan maandhicha san as na bira fida'a. Akka kanaan isin namoota addatamu malee, worra dooyu akka isin hin te'in hin beeka; achiin duuba obboleessa keessan ka isin na biratti lakkittane isiniif hin deebisa; isinille as turtanee daldalatuu hin dandeettan› nuun jedhe» jedhane. \p \v 35 Isaan qalqalluu ifii keessaa yennaa midhaan baasanu, tokko tokkoon isaaniituu qalqalluu ifii keessatti beesee ifii dhaggane. Isaanii fi abbaan isaanii Yaaqoob yennaa beesee dhaggane sodaatane. \v 36 Abbaan isaanii Yaaqoob, isaaniin, «Isin akka ani ijoollee tiyya mara dhabu barbaaddanii? Yoseef hin jiru; Shimi'oonille hin jiru; amma Beniyaaminille fudhatanee deemuu barbaaddan. Tun martinuu anuma irratti teete» jedhe. \p \v 37 Achiin duuba Ruuben abbaa ifiitiin, «Ani yoo Beniyaamin deebisee gara keeti fiduu dhabe, ilmaan tiyya lamaan ijjeesi; Beniyaamin harka kiyyatti kenni, anille deebisee isa sii fida» jedhe. \v 38 Yaaqoob ammoo, «Ani Beniyaamin akka si woliin deemu hin lakkisu. Obboleessi isaa waan du'eef, isa qofatti hafe\f + \fr 42:38 \fr*\fqa Isa qofatti hafe: \fqa*\ft Ilmi ani niitii tiyya Raahel irraa uumadhe isa qofatti jira jechuu isaa ti.\ft*\f*. Yennaa isin gara biyya Gibxi'ii deentanu, rakkinni tokko yoo isa irra dhaqqabe, dulluu tiyya keessa gaddaan akka boolla seenu gootan» jedhe. \c 43 \s1 Obboleeyyan Yoseefii Beniyaamin Woliin Gibxi'itti Deebi'ane \p \v 1 Lafa Kana'aanii keessa beelti ittuma jabaataa deente. \v 2 Maatiin Yaaqoobii midhaan isaan biyya Gibxi'iitii fidane san nyaatanee yennaa fixane, abbaan isaanii, «Ammalle gara biyya Gibxi'ii dhaqa'aatii midhaan diqqaa isaa nu'uuf bita'a» jedheen. \p \v 3 Yihudaan ammoo abba'aan, «Namichi sun, ‹Isin yoo obboleessa keessan fiddanee woliin dhufuu dhabaattane, deebitanee fuula kiyya hin dhaggitanu› jedhee nu ifi eeggachiiseera. \v 4 Ati yoo Beniyaamin nu woliin ergite, dhandhee midhaan si'iif hin binna. \v 5 Yoo isa hin ergin ammoo, bulchaan biyya sanii, ‹Obboleessa keessan fiddanee yoo hin dhufin fuula kiyya dura hin dhikaatina'a› waan nuun jedheeruuf, nuutille achi hin dhandhu» jedheen. \p \v 6 Israa'elille\f + \fr 43:6 \fr*\fqa Israa'el: \fqa*\ft Ka dur Yaaqoob jedhamu kaanuma.\ft*\f*, «Isin obboleessa dhibii akka qaddanu namichatti hintanee, maaf rakkoo guddoo natti fiddane» jedhe. \p \v 7 Isaan deebisanee, «Namichi marroo teennaa fi marroo maatii teennaa jabeessee nu gaafatee, ‹Abbaan keessan jiraa? Obboleessa dhibii qaddanii?› jedhe. Nuutille gaaffii isaa deebinne. Akka inni, ‹Obboleessa keessan as fida'a› nuun jedhu attam beekuu dandeenna ree?» jedhaneen. \p \v 8 Achiin duuba Yihudaan, abbaa ifii Yaaqoobiin, «Nuuti, atii fi ijoolleen teenna beelaan akka hin duune, Beniyaamin na woliin ergi. Nuutille ammuma kaanee ideenna. \v 9 Ani wobii isaa hin te'a; isaaf itti hin gaafatama. Ani yoo deebisee isa si'iif hin fidin, bara le'ii tiyyaa mara na komadhu. \v 10 Nuuti adoo turuu dhannee jiraannee, silaa haga ammaa yennaa lama achi geennee deebineerraayyu» jedhe. \p \v 11 Achiin duuba abbaan isaanii Yaaqoob, isaaniin, «Yoo akkas teete, waan biyya teennatti dhaggamu keessaa waan irra caalaa tolu: fiqiree, damma, uddowaa, qumbii, midhaan muka ‹Almond› jedhamuu, midhaan meexxi'iille qalqalluu keessan keessa keya'aatii kennansa namichaaf kenna'a. \v 12 Beeseen gaafa duraa deebitee afaan qalqalluu keessanii keessatti dhaggantelle, hin dedhanteerti fa'aa, deebisa'aa geessa'aaf! Tanaaf beesee harka lama qabadha'aa dhaqa'a! \v 13 Obboleessa keessanille fudhadha'aatii, ammuma gara namicha sanii deema'a. \v 14 Waaqi waan mara dande'u, namichi sun akka isin mararee, obboleessa keessan ka dhibii kaanii fi Beniyaaminille akka isiniif gad lakkisu godhuu ti. Ani ijoollee tiyya ka dhabu yoo te'e, dhabuu ti» jedhe. \p \v 15 Maarre obboleeyyan sun kennansa sanii fi beesee harka lama san, Beniyaaminille fuudhanee, gara biyya Gibxi'ii ka'ane. Isaan dhaqanee Yoseef dura dhaabbatane. \v 16 Yoseef yennaa Beniyaamin isaan woliin jiruun dhagge, toowataa mana ifiitiin, «Namoota kana gara mana kiyyaa geessi. Isaan sagalee guyya'aa na woliin waan nyaatanuuf, horii tokko qaliitii qopheessi» jedhe. \v 17 Toowataan sun akkuma Yoseef itti hime godhee, namoota san gara mana Yoseefii geesse. \p \v 18 Namooti sun gara mana Yoseefii waan geeffamaneef sodaatanee, «Nuuti waan beesee gaafa duraa deebitee afaan qalqalluu keennaa keessa keyanteef, achi geeffamaarra. Inni nu lolee, harree teenna fudhatee, garboota ifii nu godhata» jedhanee yaadane. \v 19 Tanaaf isaan balbala manaa dura yennaa geyane, toowataa mana Yoseefiitiin, \v 20 «Gootta'a, nuuti tanaan dura yennaa tokko, midhaan bitatiisaaf gara Gibxi'ii dhunneerraayyu. \v 21 Addee bulletti ammoo, qalqalluu keenna hiinnee, tokko tokkoon keennaayyuu beesee midhaaniin bitanne akkuma jirtuun afaan qalqalluu keennaa keessatti dhaggine; amma beesee san deebinnee finneerra. \v 22 Midhaan daballee bitatiisaaf beesee daballee finneerra. Yennaa san nama beesee teenna qalqalluu keenna keessa keye nuuti hin beennu» jedhane. \p \v 23 Toowataan sun, «Hin yaaddoyina'a. Hin sodaatina'a. Waaqi keessan, Waaqi abbaa keessanii, beesee qalqalluu keessan keessa keyeera. Ani kaffaltii teessan fudhadheera» jedhe. Achiin duuba inni Shimi'oon gara isaanii gad baase. \p \v 24 Toowataan sun namoota san gara mana Yoseefii seensisee, bisaan miila dhiqatanu kenneef. Harreelee isaaniitiifille okeya\f + \fr 43:24 \fr*\fqa Okeya: \fqa*\ft Waan horiin nyaatu.\ft*\f* kenne. \v 25 Isaan akka Yoseef woliin sagalee guyya'aa nyaatanu waan dhage'aneeranuuf, kennansa ifii isaaf kenniisaaf qopheessane. \v 26 Yennaa Yoseef manatti gale, isaan kennansa qopheessane isaaf kennanee, isa duratti fuulaan lafatti gad jedhaneef. \v 27 Yoseef nageya isaanii gaafatee, «Jaarsi abbaan keessan sun attam? Haga ammaa hinuma jiraa?» jedhe. \p \v 28 Isaan deebisanee, «Garbichi keeti, abbaan keenna, fayya'a; haga ammaalle hinuma jira» jedhaneen. Isaan ulfinna Yoseefiitiif, fuula isaa duratti lafatti gad jedhane. \p \v 29 Yoseef obboleessa tiruu ifii Beniyaamin yennaa dhagge, «Obboleessi keessan maandhichi ka isin marroo isaa natti hintane kanaa?» jedhee gaafate. Inni, Beniyaaminiin, «Ilma kiyya, Waaqi si eebbisu» jedhe. \v 30 Yoseef yennaa obboleessa ifii dhagge, waan itti dhage'ameef, ariifatee gad bayee, kolloo ifii keessa dhaqee achitti bowe. \v 31 Achiin duuba inni fuula ifii dhiqatee, gad baye. Ifi qabatee\f + \fr 43:31 \fr*\fqa Ifi qabatee: \fqa*\ft Ifi toowatee jechu'u.\ft*\f*, sagalee akka fidanu ajaje. \v 32 Gibxooti worra Ibrootaa woliin nyaatiis tuffatama waan itti fakkaattuuf, Yoseefiif qorii takka'atti, obboleeyyan isaatiif qorii dhibi'itti, Gibxoota Yoseef biratti akka nyaatanuuf qorii dhibi'itti dhikeessane. \v 33 Obboleeyyan Yoseefii akkuma angafumma'aa fi maandhummaa isaaniititti, fuula isaa dura tetee'ane. Isaan baaseffatiisaan wol ilaalane. \v 34 Qorii Yoseefii irraa sagalee fuudhanee isaaniif kennanee, Beniyaaminiif ammoo worra kaan caalaa harka shan kennane. Akka kanaan obboleeyyan Yoseefii isa woliin nyaatanee unanee guddoo gammadane. \c 44 \s1 Muduunuu Badde \p \v 1 Yoseef toowataa mana ifii ajajee, «Namoota kanaaf midhaan haga qalqalluun isaanii qabatuu dandu'utti itti guutiif; beesee tokko tokkoo isaaniille afaan qalqalluu isaanii keessa keyi. \v 2 Muduunuu tiyya ta meetii irraa hujante, beesee inni midhaaniin bitate woliin afaan qalqalluu mucaa maandhichaa keessa keyi» jedhe; toowataalle akkuma Yoseef itti hime godhe. \v 3 Barii ganamaan obboleeyyan sun harreelee ifii fudhatanee akka deemanu godhane. \v 4 Adoo isaan qachaa irraa hin fagaatin, Yoseef toowataa mana ifiitiin, «Ka'ii namoota hordof! Yennaa isaan dhaqqadde, ‹Nuuti waan dansaa isiniif goone; isin maaf hantuu nu'uuf gootane? \v 5 Muduunuun isin hattane ta goottaan kiyya itti uniisaa fi oojjuu hiikiisaaf itti fayyadamuu motii ree? Yakkaan isin hujjane tun guddo'o› jedhiin» jedhe. \p \v 6 Toowataan sun yennaa jara dhaqqabe, akkuma Yoseef jedhe isaanitti hime. \v 7 Isaan toowataa saniin, «Ati goottaa keenna, maaf waan akkanaa dubbatta? Nuuti waan akkasii tokkolle hunyee hin jirru! \v 8 Nuuti beesee qalqalluu keenna keessatti dhaggineeyyuu biyya Kana'aaniitii finnee si'iif deebinneerra. Maarre nuuti mana goottaa keetii keessaa meetii yookiin worqii maaf hanna ree? \v 9 Ati yoo nu keessaa qalqalluu nama tokkochaa keessatti muduunuu meeti'ii san dhaggite, inni du'uu ti; nuuti worri hafelle garboolee teeti hin teena» jedhane. \p \v 10 Toowataan sun, «Akkuma isin jettane teetuu ti; teetuu malee, nama muduunuu hate qofatti garbicha kiyya te'a. Isin worri hafe ammoo bilisaan deemuu dandeettan» jedhe. \v 11 Achiin duuba isaan martinuu ariifatanee qalqalluu ifii lafatti gad buusanee hiikane. \v 12 Toowataan mana Yoseefii sun qalqalluu angafichaa irraa jalqabee haga qalqalluu maandhichaatitti findigee keessa barbaadee, qalqalluu Beniyaaminii keessatti muduunuu dhagge. \v 13 Obboleeyyan yennaa tana dhaggite woyaa ifii tarsaatte. Achiin duuba qalqalluu ifii harre'etti fe'attee gara qacha'aa deebite. \p \v 14 Yihuda'aa fi obboleeyyan isaa yennaa gara Yoseefii deebi'anee dhufane, Yoseef ammalle achuma jiraayyu; tanaaf obboleeyyan isa duratti fuulaan lafatti gad jedhane. \v 15 Yoseef isaaniin, «Wonni isin gootane kun maan? Nami akka kiyyaa beekkumsa addaatiin woy qorqoree akka beeku hin beettanuu?» jedhe. \p \v 16 Yihudaan deebisee, «Nuuti goottaa kiyyaan maan jenna ree? Yakkaameyyii akka hin te'in attamiin ifi mudhisuu dandeenna ree? Waaqi yakkaa teenna mudhiseera; nama muduunuun irratti mudhatte qofa adoo hin te'in, nuuti martinuu garboota teeti hin teenna» jedhe. \p \v 17 Yoseef ammoo, «Ani ijjumaa tana hin godhu! Nama muduunuun irratti dhaggame qofatti garbicha kiyya te'a. Isin worri hafe nageyaan gara abbaa keessanii deebi'a'a» jedhe. \s1 Yihudaan Beniyaaminiif Kadhate \p \v 18 Achiin duuba Yihudaan gara Yoseefii dhaqee, «Maganne'ee, goottaa kiyya, dubbii takka sitti dubbadha; ati qixxee mooticha Gibxi'ii teetulle natti hin mufatin. \v 19 Goottaa kiyya, ati tanaan qara, ‹Abbaa yookiin obboleeyyan qaddanii?› jettee nu gaafatte. \v 20 Nuutille, ‹Abbaa jaarsa qanna. Obboleessa maandhicha abbaan keenna dulluu keessa uumate qanna. Obboleessi ilma maandhicha kanaa du'eera; ijoollee haati isaa dheette keessaa ka jiru isa qofa waan te'eef, abbaan keenna guddoo isa jaalata› jenneerraayyu. \v 21 Achiin duuba ati, nu'uun, ‹Akka ani ila tiyyaan isa dhaggu, isa gara kiyya fida'a. Ani isa dhagguu barbaada› jette. \v 22 Nuuti, ‹Mucaan abbaa ifii lakkisee dhufuu hin dande'u; yoo isa lakkisee dhufe, abbaan isaa hin du'a› si goottaa keennaan jenneerraayyu. \v 23 Ati ammoo, ‹Isin yoo obboleessa keessan maandhicha hin fidin, deebitanee fuula kiyya hin dhaggitanu› nu'uun jetteerta. \p \v 24 «Maarre nuuti gara abbaa keennaa deebinee gallee, waan ati jette isatti hinneerra. \v 25 Achiin duuba, abbaan keenna, ‹Ammalle deebi'a'aatii midhaan diqqaa isaa nuu bita'a› jedhe. \v 26 Nuuti abbaa keennaan, ‹Obboleessi keenna maandhichi yoo nu woliin hin deemin, fuula namichaa dhagguu hin dandeennu; tanaaf Obboleessi keenna maandhich yoo nu woliin deeme malee, deemuu hin dandeennu› jenneen. \v 27 Abbaan kiyyalle nu'uun, ‹Niitiin tiyya Raahel ilmaan lama akka naaf deette hin beettan. \v 28 Isaan keessaa tokkochi na biraa haga bayee jalqabee, ani waan isa hin dhagginiif, dhugumaan bineensatti isa kukkutatee nyaateera jedhee yaade. \v 29 Isin amma ilma kanalle na duraa fudhatanee, wonni hantuun yoo isa dhaqqadde, akka ani dulluu tiyya keessa gaddaan boolla seenu gootan› jedhe. \p \v 30 «Maarre amma, gootta'a, ani obboleessa kiyya maandhicha woliin malee, gara abbaa kiyya tajaajilaa keetii yoo deebi'e, inni akka malee waan isa jaalatuuf, \v 31 akka inni nu woliin hin jirre yennaa dhagge hin du'a. Nuuti tajaajiltooti teetille abbaa keenna tajaajilaa keeti dulluu keessa gaddaan akka boolla seenu goona. \v 32 Kana caalaalle ani abbaa kiyya duratti fayyaa muca'aatiif wobii te'ee, abbaa kiyyaan, ‹Ani mucaa keeti deebisee gara keeti yoo hin fidin, bara le'ii tiyyaa mara na komadhu› jedheera. \v 33 Tanaaf maganne'ee, ani tajaajilaan keeti, addee muca'aa si goottaa kiyyaaf garbicha te'ee, asitti hafuu ti; mucaan ammoo obboleeyyan ifii woliin deebi'uu ti. \v 34 Mucaan yoo na woliin hin jiraatin, ani attam gara abbaa kiyyaa deebi'uu dande'a ree? Ani gadda abbaa kiyya irratti dhufu san ossatiisa hin dande'u» jedhe. \c 45 \s1 Yoseef Eennummaa Ifii Obboleeyyan Ifiititti Hime \p \v 1 Achiin duuba Yoseef worra isa bira dhaabbatu mara duratti ifi qabatuu dadhabee, «Namoota mara na irraa gad baasa'a» jedhee ajaje; yennaa Yoseef obboleeyyan ifiititti eennummaa ifii hime nami tokkolle isa woliin hin jiruuyyu. \v 2 Worri Gibxi'iitii fi worri mana mootumma'aalle haga dhage'anutti Yoseef qoonqoo ol qabatee bowe. \v 3 Yoseef obboleeyyan ifiitiin, «Ani Yoseef. Abbaan kiyya haga ammaa hin jiraa?» jedhe. Obboleeyyan isaa ammoo fuula isaa duratti guddoo waan sodaatteef deebii isaaf deebisuu hin dandeenne. \v 4 Achiin duuba Yoseef obboleeyyan ifiitiin, «Gara kiyya dhikaadha'a» jedhe. Isaanille gara isaa dhikaatane. Innille isaaniin, «Ani obboleessa keessan Yoseef, ka isin gara biyya Gibxi'ii gurgurtane. \v 5 Waaqi lubbuu kolba'aa fayyisiisaaf, isiniin dura waan na ergeef, isin waan as na gurgurtaneef hin yaaddoyina'a yookiin ifitti hin aarina'a. \v 6 Lafa irratti beelti haga buuteen amma woggaa lama; woggaa shanan ammalle dhufu'uu jirtu keessatti hin qotatanu, hin haammatanulle'e. \v 7 Kolbaan hedduun akka fayyituuf jiruu teessan fayyisiisaan, sanyiin teessan lafa irratti akka hattuuf, Waaqi isiniin dura as na erge. \v 8 Maarre ka as na erge Waaqa malee, isinii moti. Waaqi qondaala ol aanaa mooticha biyya Gibxi'ii, itti gaafatamaa mana mootummaa mootichaatii fi lafa Gibxi'ii duudii irratti bulchaa\f + \fr 45:8 \fr*\fqa Bulchaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin goottaa \ft*\ft jedha. \ft*\f* na godheera. \p \v 9 «Amma ariifadha'aa gara abbaa kiyyaa dhaqa'aatii, ilmi keeti Yoseef, ‹Waaqi lafa Gibxi'ii mara irratti bulchaa na godheera. Hin turinii na bira koy! \v 10 Lafa natti dhikaattu lafa Gooshenii keessa hin leeta; atii fi ijoolleen teeti, ijoolleen ijoollee teetii, hoole'ee fi re'een teeti, loon keeti, wonni ati qaddu martille natti hin dhikaatan. \v 11 Ammalle woggooti beelaa shan waan hatteef, ati, maatiin teetii fi horiin keeti akka hin beelonne, ani Gooshenitti waan isinii barbaachisu hin godha› jedha'aatii itti hima'a. \p \v 12 «Ani afaan kiyyaan akka isinitti dubbadhe, isinuu dhaggitaneertan, obboleessi kiyya Beniyaamille dhaggeera. \v 13 Biyya Gibxi'ii keessatti ulfinna guddaa attamii akka ani qabuu fi marroo waan dhaggitanee mara abbaa kiyyatti hima'a. Abbaa kiyyalle ariifadha'aa as fida'a» jedhe. \p \v 14 Achiin duuba inni morma Beniyaaminii obboleessa ifii hanqafatee bowe; Beniyaaminille morma isaa hanqafatee bowe. \v 15 Yoseef obboleeyyan ifii mara sunqatee itti bowe. Tanaan duuba obboleeyyan isaa isa woliin haasowane. \p \v 16 Oduun dhufiisa obboleeyyan Yoseefii mana mootumma'aatitti yennaa dhage'ante, mootichi Gibxi'iitii fi qondaaltoti isaa akka malee gammadane. \v 17 Maarre mootichi, Yoseefiin, «Obboleeyyan teetiin, ‹Geejjiba keessan fe'adha'aatii gara lafa Kana'aanii deebi'a'a. \v 18 Abbaa keessanii fi maatii teessan gara kiyya fida'a. Ani lafa Gibxi'ii keessaa ta irra caalaa dansa'aa isiniif hin kenna, isinille sagalee dansaa lafa sanii hin nyaattan› jedhi. \v 19 Dabalii isaan ajajiitii, ‹Garreettaa geejjibaa ka niitota teessan, ijoollee teessanii fi abbaa keessan itti feetanee fiddanu, biyya Gibxi'iitii fudhadha'aa deema'a. \v 20 Biyya Gibxi'ii keessatti lafa irra caalaa dansa'aa waan dhaggattanuuf, karra teessan ta lakkittanee dhuttanuuf hin qucuucamina'a› jedhiin» jedhe. \p \v 21 Maarre ilmaan Yaaqoobii akkuma jedhame godhane. Akkuma mootichi ajaje, Yoseef garreettaa geejjibaatii fi ideensa kara'aatiif galaa isaaniif kenne. \v 22 Inni woyaa adduu tokko tokkoo isaaniitiifuu kenne; Beniyaaminiif ammoo woyaa adduu shanii fi meetii dhibba sad kenne. \v 23 Abbaa ifiitiif waan dadansaa biyya Gibxi'iititti dhaggamanu fe'iisa harreele'ee kudhan, dabaleelle ideensa kara'aatiif galaa akka te'u midhaanii fi daabboo, sagalee dhibiille fe'iisa harreelee dhaltu'uu kudhan erge. \v 24 Inni obboleeyyan ifii ergee, isaanille ka'aaranuun, inni, «Karaa irratti wol hin lolina'a!» isaaniin jedhe. \p \v 25 Maarre isaan biyya Gibxi'iitii bayanee, lafa Kana'aanii keessatti gara Yaaqoobii abbaa ifii dhufane. \v 26 Isaan, abbaa ifiitiin, «Yoseef haga ammaa hin jira! Lafa Gibxi'ii duudii irrattiiyyuu bulchaa te'eera» jedhane. Yaaqoob ammoo nayee gaggabe; inni dubbii isaaniille dhugeeffatiisa hin dandeenne. \p \v 27 Te'uu malee waan Yoseef isaaniin jedhe mara yennaa isaan itti himane, gara biyya Gibxi'ii akka ittiin isa fidanu garreettaa geejjibaa ka Yoseef ergelle yennaa dhagge bayyanate. \v 28 Achiin duuba Yaaqoob, «Ilmi kiyya Yoseef haga ammaa jiraachuun isaa na geetti! Ani adoo hin du'in dhaqee isa dhagguu qaba» jedhe. \c 46 \s1 Yaaqoob Maatii Ifii Woliin Gara Biyya Gibxi'ii Dhaqe \p \v 1 Maarre Yaaqoob waan qabu mara fudhatee gara biyya Gibxi'ii dhaqiisaaf ka'ee, Bersheebaa yennaa geye, Waaqa Yisihaqii abbaa ifiitiif ciincaa dhikeesse. \v 2 Halkan Waaqi mudhi'iin, «Yaaqoob, Yaaqoob!» jedhee waame. \p Yaaqoobille, «Ani kunoo as jira» jedhe. \p \v 3 Achiin duuba Waaqi, «Ani Waaqa; Waaqa abbaa keetii ti; ani achitti gosa guddoo waan si godhuuf, gara biyya Gibxi'ii dhaqiisa hin sodaatin. \v 4 Ani si woliin gara biyya Gibxi'ii hin dhaqa; sanyii teeti gara lafa tanaa deebisee hin fida. Yennaa ati duutu Yoseef harka ifiitiin ila teeti wolitti siif hin qaba» jedhe. \p \v 5 Achiin duuba Yaaqoob Bersheeba'aa ka'e. Ilmaan isaalle abbaa ifii Yaaqoob, ilme'ee fi ibidda ifii garreettaa geejjibaa ka mootichi Gibxi'ii akka ittiin dhufanuuf ergetti yaassisane. \v 6 Isaan horii ifiitii fi waan lafa Kana'aaniititti horatane mara fudhatanee gara biyya Gibxi'ii dhaqane. Akka kanaan Yaaqoob sanyii ifii mara woliin, \v 7 ilmaan ifiitii fi ilmaan ilmaan ifii woliin, ijoollee durraa ta ilmaan ifiitii fi maatii ifii mara woliin gara biyya Gibxi'ii dhaqe. \p \v 8 Israa'elooti gara biyya Gibxi'ii dhaqane, sanyiin Yaaqoobii ta asii gad jirtu. Ilma angaficha Yaaqoobii Ruubenii \v 9 fi ilmaan Ruubenii: Henok, Faluu, Hezronii fi Karmi. \v 10 Ilmaan Shimi'oonii: Yimu'el, Yaamiin, Ohad, Yaakiin, Zohaarii fi Shaawul; Shaawul dubartii worra Kana'aaniititti deye. \v 11 Ilmaan Lewwi'ii: Gershoon, Qehaatii fi Meraar. \v 12 Ilmaan Yihuda'aa: Eer, Onaan, Shelaa, Faaresii fi Zaara'a (Eerii fi Onaan ammoo lafa Kana'aanii keessatti du'ane). Ilmaan Faaresii: Hezronii fi Hamul. \v 13 Ilmaan Yisaakorii: Tolaa, Fuwaa, Yobii fi Shimroon. \v 14 Ilmaan Zebuloonii: Sered, Eloonii fi Yaahile'el. \v 15 Ilmaan Yaaqoobii ta Liyaan niitii isaa phaadaan-Aaramitti deetteef, intala isaa Dinaalle dabalatee, wolumatti ilmaan isaatii fi ilmaan ilmaan isaa soddomii sad. \p \v 16 Ilmaan Gaadii: Ziifiyon, Haagii, shunii, Esbon, Erii, Arodii, Ar'eli. \v 17 Ilmaan Asheerii: Yiimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Berii'a; obboleettiin isaanii Sera'a; ilmaan Berii'aa: Heberii fi Malkii'el. \v 18 Isaan kudhanii jaa kun, ta Laabaan intala ifii Liya'aaf garbumma'aan kenne, Zilfaa irraa ka dhalatane, ilmaan ilmaan Yaaqoobii ti. \p \v 19 Ilmaan Raahelii niitii Yaaqoobii Yoseefii fi Beniyaamin. \v 20 Biyya Gibxi'iititti Yoseef intala Phoxii-Feraa hayyicha Onii, Asenaati irraa Minaase'ee fi Efreem uumate. \v 21 Ilmaan Beniyaaminii: Bel'aa, Beker, Ashbel, Geraa, Na'amaan, Ehii, Roshi, Mufiim, Hufiimii fi Ardi'i. \v 22 Ilmaan Yaaqoobii worri Raahel deetteef kun ijoollee isaanii woliin wolumatti nama kudhanii afur. \p \v 23 Ilmi Daanii Hushiim. \v 24 Ilmaan Naftaalemii: Yaahize'el, Gunii, Yezerii fi Shiilem. \v 25 Isaan torbaan kun, ta Laabaan intala ifii Raaheliif garbumma'aan kenne, Bilhaa irraa ka dhalatane, ilmaan ilmaan Yaaqoobii ti. \p \v 26 Namooti Yaaqoob woliin gara biyya Gibxi'ii dhaqane, dubartoota ilmaan isaa adoo itti hin dabalin, sanyii isaa ka te'ane callaan namoota jaatamii jaa. \v 27 Ilmaan lama ta biyya Gibxi'ii keessatti Yoseefiif dhalatte woliin laakkossi maatii Yaaqoobii torbaatama\f + \fr 46:27 \fr*\fqa Torbaatama: \fqa*\ft Addee dhibi'itti 75 jedha. HuE. 7:1.\ft*\f*. \s1 Yaaqoob Biyya Gibxi'ii Geye \p \v 28 Yaaqoob akka Yoseef Gooshen keessatti isa dhagguuf Yihudaa ifiin dura gara isaa erge. Yaaqoobii fi kolbaan isaa yennaa lafa Gooshenii geyane, \v 29 Yoseef abbaa ifii Yaaqoob qophatiisaaf garreettaa fardaa qopheeffatee, Gooshen dhaqe. Yoseef akkuma abbaa ifii dhaggeen, morma isaatitti maratee, yennaa dheertu'uuf bowe. \v 30 Yaaqoob Yoseefiin, «Haga ammaa akka ati lubbu'uun jirtu waan dhaggeef, ani amma du'ulle hin qoru!» jedhe. \p \v 31 Achiin Yoseef obboleeyyan ifiitii fi maatii abbaa ifiitiin, «Ani ol deemee mootichaan, ‹Obboleeyyan tiyyaa fi maatiin abbaa kiyyaa ka lafa Kana'aanii turane gara kiyya dhufaneeran. \v 32 Isaan worra horii tissu; isaan duruuyyuu horii horsiisaa turane. Ammalle hoole'ee fi re'ee ifii, loon ifiitii fi waan qabanu maraayyuu fidatanee dhufaneeran› jedhaan. \v 33 Mootichi isin waamee, ‹Hujiin teessan maan?› jedhee yennaa isin hin gaafate, \v 34 isin, ‹Nuuti garbooti teeti akkuma abbootii teenna ta durii, ijoollummaa teennaa jalqannee tissitoota hori'ii ti› jedha'aan. Tana yennaa jettane, worri Gibxi'ii tissitoota waan tuffatanuuf, lafa Gooshenii keessa le'iisaaf eeyyama hin dhaggatan» jedhe. \c 47 \p \v 1 Yoseef gara mooticha Gibxi'ii dhaqee, «Abbaan kiyyaa fi obboleeyyan tiyya, hoolotaa fi re'oota ifii, horii ifiitii fi waan qabanu mara woliin lafa Kana'aaniitii dhufaneeran. Isaan amma lafa Gooshenii keessa jiran» jedhe. \v 2 Inni obboleeyyan ifii keessaa nama shan filee mooticha dura dhikeesse. \p \v 3 Mootichi, «Hujiin teessan maan?» jedhee obboleeyyan Yoseefii gaafate. \p Isaan deebisanee, «Nuuti, tajaajiltooti teeti, akkuma abbootii teenna ta durii, horsiittuu hoole'ee ti. \v 4 Lafa Kana'aanii keessa beelti waan jabaatteef, horiin keennalle marra dheedu waan dhabeef, nuuti yenna'aaf as le'iisaaf dhunneerra. Tanaaf maganne'ee, lafa Gooshenii keessa akka leenu nuu eeyyami» jedhane. \p \v 5 Achiin duuba Mootichi Gibxi'ii Yoseefiin, «Abbaan keetii fi obboleeyyan teeti eega sii dhufanee, \v 6 Latti Gibi'ii kunoo harka keeti jirti; biyya Gibxi'ii keessaa lafa irra caalaa dansa'aa Gooshenitti isaan qussiisi. Isaan keessaa dandeettii addaa ka qabanu yoo jiraatane, horii kiyya irratti itti gaafatantoota godhi» jedhe. \p \v 7 Achiin duuba Yoseef abbaa ifii Yaaqoob ol seensisee mooticha dura dhikeesse; Yaaqoobille mooticha eebbise. \v 8 Achiin duuba mootichi, «Woggaan teeti meeqa?» jedhee Yaaqoob gaafate. \p \v 9 Yaaqoobille, «Ani asii fi achi daaqaa woggaa dhibbaa fi soddoma tureera. Woggooti sunille abbootiin tiyya ta durii asii fi achi daaqaa ta turte caalaa diqqo'oo fi rakkinnaan ta guutante» jedheen. \v 10 Achiin duuba Yaaqoob mooticha eebbisee biraa deeme. \v 11 Maarre Yoseef akkuma mootichi ajaje abbaa ifiitii fi obboleeyyan ifii lafa Gibxi'ii keessaa addee irra dansa'aa, qachaa Raamsesii bira lafa kenneef. \v 12 Yoseef abbaa ifii, obboleeyyan ifiitii fi worra mana abbaa ifii maraaf, akkuma laakkossa nama harka isaanii eegatuutitti sagalee isaaniif kenne. \s1 Beela Biyya Gibxi'ii Keessaa \p \v 13 Lafa duudii keessa beelti waan jabaatteef, wonni nyaatanu dhabame; kolbaan Gibxi'iitii fi Kana'aanii beelaan guddoo miidhante. \v 14 Yoseef beesee namooti biyya Gibxi'iitii fi Kana'aanii ittiin midhaan bitatane mara wolitti qabee, gara mana mootummaa mooticha Gibxi'ii fide. \v 15 Beeseen worra Gibxi'iitii fi Kana'aanii yennaa dhumatte, worri Gibxi'ii martinuu gara Yoseefii dhufee, «Nuuti maaf ila teeti duratti duuna? Beeseen teenna dhumatteerti. Sagalee nuu kenni» jedhane. \p \v 16 Yoseef deebisee, «Beeseen isin duraa yoo dhumatte, horii keessan fida'a! Ani jijjiirraa isaanii midhaan isiniif hin kenna» jedhe. \v 17 Maarre kolbaan horii ifii gara Yoseefii fiddee, inni jijjiirraa fardoo, hoolee, re'ee, loonii fi harree isaaniitiif sagalee isaaniif kenne. Woggaa san inni jijjiirraa horii isaanii maraaf sagalee isaaniif kenne. \p \v 18 Woggaan sun yennaa dabarte, woggaa itti aantu isaan gara isaa dhufanee, «Beeseen teenna akka dhumatte, horiin keennalle keeti akka te'e, si goottaa keenna hin dhossinu; nafaa fi lafa teenna malee, wonni nuuf hafe tokkolle hin jiru. \v 19 Nuutii fi latti teennalle ila teeti duratti bannaa ree? Nu'uu fi lafa teennalle bitadhuutii sagalee nuu kenni; nuuti lafa teenna woliin mootichaaf garboota hin teena. Nyaannee jiru'uun akka leenuuf midhaan nuu kenni; latti teennalle duwwaa akka hin teene sanyii facaafannu nuu kenni» jedhane. \p \v 20 Maarre Yoseef lafa biyya Gibxi'ii mara mootichaaf bite. Beelti waan jabaatteef, nami Gibxi'ii martinuu lafa ifii Yoseefitti gurgure; Lattille qabeenna mootichaa teete. \v 21 Yoseef biyya Gibxi'ii qacce'ee haga qacce'eetitti kolbaa garboota mooticha Gibxi'ii godhe. \v 22 Yoseef lafa hayyootaa callaa hin binne; hayyooti durgoo yennaa mara mooticha irraa waan fudhatanuuf, isaan lafa ifii hin gurgurre. \v 23 Yoseef kolba'aan, «Ani amma isinii fi lafa teessan mootichaaf waan biteef, kunoo ani sanyii isiniif hin kenna, fichaa keessanitti facaafadha'a. \v 24 Ammoo yennaa midhaan galutti, harka shan keessaa tokko mootichaaf hin kennitan. Harka afur ka hafe sanyi'iif, sagalee teessaniif, sagalee worra keessaniitii fi ijoollee teessanii te'uu ti» jedhe. \p \v 25 Isaan deebisanee, «Ati lubbuu teenna hamburteerta; gootta'a, si'uma duratti fudhatama dhagganuu ti; nuuti garboota mootichaa hin teena» jedhane. \v 26 Maarre Yoseef biyya Gibxi'ii keessatti harka shan keessaa tokko mootichaaf akka kennamu seera haga adhaa jiru tume. Latti qabeenna mootichaa hin te'in lafa hayyootaa qofa. \s1 Dhaamata Yaaqoobii Ka Muumme'ee \p \v 27 Israa'elooti biyya Gibxi'ii lafa Gooshenii keessa le'ane. Isaan achitti qabeenna dhaggatanee, ijoollee horanee laakkossaan bacatane. \v 28 Yaaqoob biyya Gibxi'ii keessa woggaa kudhanii torba le'e; woggaan isaalle dhibba tokkoo fi afurtamii torba teete. \v 29 Yennaan Yaaqoob du'u dhikaannaan, inni ilma ifii Yoseef gara ifii waamee, «Ani si duratti fudhatama yoo qabaadhe, harka keetiin gudeeda kiyya qabadhuu akka biyya Gibxi'ii keessatti na hin awwaalle naaf kakadhu. \v 30 Yennaa ani du'e, biyya Gibxi'ii keessaa fuudhii na baasiitii, addee abbootiin tiyya itti awwaalamanetti na awwaali» jedheen. \p Yoseef deebisee, «Ani akkuma ati jette hin godha» jedhe. \p \v 31 Yaaqoob, «Anaaf kakadhu» jedheen; Yoseefille akka tana godhu kakate. Achiin duuba Yaaqoob mataa taqee ifii irratti Waaqaaf sagade. \c 48 \s1 Yaaqoob Ilmaan Yoseefii Eebbise \p \v 1 Yennaa diqqo'oon duuba, «Abbaan keeti dhibameera» jedhanee Yoseefitti himane. Maarre inni ilmaan ifii lamaan Minaase'ee fi Efreem fudhatee gara abbaa ifii dhaqe. \v 2 Yennaa, «Ilmi keeti Yoseef gara keeti dhufeera» jedhanee Yaaqoobitti himane, inni ifi jajjabeessee, ol jedhee taqee ifii irra tee'e. \v 3 Yaaqoob, Yoseefiin, «Waaqi waan mara dande'u, lafa Kana'aanii keessa, addee, ‹Luz› jedhantutti natti mudhatee na eebbisee, \v 4 ‹Ani si horsiisee si hin baceessa. Abbaa kolbaa heddu'uu si hin godha; lafa tana haga bara baraa sanyii teetiif hin kenna› anaan jedhe. \p \v 5 «Tanaaf ilmaan teeti lamaan, ta adoo ani gara keeti achi hin dhufiniin dura biyya Gibxi'ii keessatti sii dhalatte, amma tiyya; Efreemii fi Minaaseen akkuma Ruubenii fi Shimi'oonii kiyya hin te'an. \v 6 Ijoolleen ati isaaniin duuba uumatte keeti hin te'an; isaan dhaala ifii maqaa obboleeyyan ifii Efreemiitii fi Minaase'eetiin dhaggatan. \v 7 Yennaa ani phaadaan-Aaramii deebi'u biyya Kana'aanii keessatti Efraataa geyaaruun, Raahel kara'atti na duraa duutee, karaa Efraataa dhaqu cina'atti awwaale» jedhe. Efraataan amma, «Betlihem» jedhama. \p \v 8 Yaaqoob yennaa ilmaan Yoseefii dhagge, «Isaan kun eennu fa'a?» jedhee gaafate. \v 9 Yoseef deebisee abbaa ifiitiin, «Isaan ilmaan tiyya ta Waaqi as biyya tanatti naaf kenne» jedhe. \p Yaaqoob, «Akka ani isaan eebbisu gara kiyya fidi!» Yoseefiin jedhe. \v 10 Yennaa tana Yaaqoob waan dulloomeeruuf ilti isaa caararroottee, hubatee dhagguu hin dandeenne. Maarre Yoseef ilmaan ifii gara isaa fide; innille hanqafatee sunqate. \v 11 Yaaqoob, Yoseefiin, «Ani deebi'ee ijjumaa si dhagga jedhee hin yaadanne; amma Waaqi ijoollee teetiiyyuu na dhaggisiise» jedhe. \v 12 Achiin duuba Yoseef jilba abbaa ifii irraa isaan kaasee, inni ifiif lafatti gad gombifame. \p \v 13 Yoseef ilmaan ifii lamaanuu fuudhee, Efreem midda ifiitiin Yaaqoobiif gara bita'aatiin, Minaasee bitaa ifiitiin Yaaqoobiif gara middaatiin itti dhikeesse. \v 14 Yaaqoob ammoo harka ifii wol qaxxaamursee harka ifii middicha mataa Efreemii maandhichaa irra, harka ifii bitaacha mataa Minaasee angafichaa irra keye. \v 15 Achiin duuba inni Yoseef eebbisee, \q1 «Waaqi abbootiin tiyya \q2 Abrahaamii fi Yisihaq tajaajilte \q2 jiruu tiyya mara haga adhaa \q2 ka na eege. \q1 \v 16 Ergamaan miidhaa mara irraa na wode \q2 inni ijoollee tana eebbisuu ti. \q1 Maqaa kiyya, \q2 maqaa abbootii tiyyaa \q2 Abrahaamii fi Yisihaqii waansisanee, \q2 lafa irrattille \q2 horanee bacatanuu ti» jedhe. \p \v 17 Yoseef yennaa abbaan isaa harka ifii middicha mataa Efreemii irra keyeeruun dhagge itti hin gammanne; maarre inni harka abbaa ifii mataa Efreemii irraa gara mataa Minaase'ee dabarsiisaaf qabe. \v 18 Yoseef abbaa ifiitiin, «Abbaa kiyya, akkasii moti! Kun angaficha waan te'eef, harka keeti middicha mataa isaa irra keyi!» jedhe. \p \v 19 Abbaan isaa ammoo didee, «Ani hin beeka, ilma kiyya, ani hin beeka. Sanyiin Minaase'eelle kolbaa guddoo hin teeti; te'uu malee, obboleessi isaa maandhich isa hin caala; sanyiin isaalle kolbaa biyya adda addaa guddoo hin teeti» jedhe. \v 20 Maarre inni guyyaa san isaan eebbisee, \p «Israa'elooti, ‹Waaqi akka Efreemii fi Minaase'ee si godhuu ti› jedhanee maqaa keetiin nama hin eebbisan» jedhe. \m Akkasiin Yaaqoob Efreem Minaase'een dura aanse. \p \v 21 Achiin duuba Yaaqoob Yoseefiin, «Kunoo, ani du'aara; Waaqi ammoo si woliin jiraatee gara lafa abbootii teetii si hin deebisa. \v 22 Ani ka obboleeyyan teeti woliin qoodantane caalaa, lafa dansaa Sheekemii ta shallaaga'aa fi guubee worra Amoorotaa irraa fudhadhe si'iif hin kenna» jedhe. \c 49 \s1 Jecha Yaaqoob Muummee Irratti Ilmaan Ifiititti Dubbate \p \v 1 Achiin duuba Yaaqoob ilmaan ifii waammatee, «Waan gara duraa isinitti dhufu akka isinitti himuuf, wolitti dacha'a'a! \q1 \v 2 «Ilmaan Yaaqoobii, wolitti dacha'a'aa dhage'a'a; \q2 abbaa keessan Yaaqoob dhage'a'a. \b \q1 \v 3 «Ruuben, ati ilma kiyya angaficha, \q2 hunna tiyyaa fi jabeenna kiyya ka qaraa ti; \q2 ulfinnaa fi hunnaan ilmaan tiyya mara hin caalta. \q1 \v 4 Te'uu malee, ati ka akka bisaanii daaquu waan teeteef, \q2 obboleeyyan teeti hin sooressitu; \q2 rifanoo abbaa keetii irra waan baateef, \q2 dubartoota gursumeeyyii abbaa keetii woliin ratteerta. \b \q1 \v 5 «Shimi'oonii fi Lewwiin obboleeyyan; \q2 shallaagaan isaanii \q2 meya isaan hunnaan nama irratti ka'anu. \q1 \v 6 Isaan aari'iin namoota waan ijjeesaneef, \q2 taphaaf jedhanee korommii waan mogolchaneef, \q2 ani marii isaaniititti hin galu; \q2 yaa'ii isaaniille hin qoodamu. \q1 \v 7 Aariin isaanii jadduu, \q2 mufiin isaanii gadhi-jabeettii waan teeteef, \q2 ta abaarante teetuu ti! \q1 Ani gosa Yaaqoobii odduu isaan qoqoodee \q2 Israa'el keessa isaan hin bittinneessa. \b \q1 \v 8 «Yihuda'a, obboleeyyan teeti si hin leellisan; \q2 ati diina keeti hin injifatta; \q2 ilmaan abbaa keetii si duratti gad hin jedhan. \q1 \v 9 Ilmi kiyya Yihudaan akka ilmee neenqaa, \q2 ta adamo'oo gara mandhee ifii deebituu ti. \q1 Akka neenqaa diriirfatee irkata; \q2 eentu isa kaasiisaaf itti guula? \q1 \v 10 Ka kolbaan duudiin ajajantuuf, \q2 haga bara baraa ka bulchu, \q2 ka mootummaan isaaf malte, haga dhufutti, \q2 bokkuun harka Yihuda'aatii hin baatu. \q1 Mootoleen maatii Yihuda'aa irraa hin dhufan; \q2 nami tokko Yihudaa irraa yennaa mara \q2 barcumaa mootumma'aa irra hin tee'a. \q1 Ka mootummaan isaaf malte haga dhufutti \q2 Yihudaan hin bulcha; \q2 gosi biyya adda addaalle isaaf hin ajajaman. \q1 \v 11 Inni woynii bacaa qaba; \q2 harree ifii muka woyni'iititti, \q2 ilmayyoo harree ifii woynii filatantetti hidhata. \q1 Inni woyaa ifii daadhii woyni'iitiin, \q2 bullukkoo ifii dhiiga midhaan woyni'iitiin dhiqata. \q1 \v 12 Ilti isaa daadhii woyni'ii caalaa diimatti; \q2 ilkaan isaa aanan caalaa addaata. \b \q1 \v 13 «Zebuloon qarqara abbaaya'aa hin le'a; \q2 qarqarri abbaaya'aa ka isaa sun \q2 lafa buufata hoboloota gugurddo'oo hin te'a. \q2 Meessaan lafa isaa Sidoon hin te'a. \b \q1 \v 14 «Yisaakor akka harree jadduu, \q2 wodhakkaa fe'iisaa ciittuu ti. \q1 \v 15 Ammoo addeen isaa ta fooraa dansaa, \q2 latti isaalle \q2 attam akka gammachiittu yennaa dhagge, \q2 fe'amiisaaf dudda ifii cillaaffatee garba te'a. \b \q1 \v 16 «Daan kolbaa ifii \q2 gosa Israa'elii keessaa takkattii hin bulcha. \q1 \v 17 Daan akka dhudhuufaa karaa irgaa, \q2 akka buutii daandii cina'aa, \q2 ta kottee fardaa idditee \q2 nama irra tee'eeru irraa buuttuu ti. \b \q1 \v 18 «Ee Mootii Waan Maraa, \q2 ani fayyisiisa keeti eegadha. \b \q1 \v 19 «Saantuun Gaad hin miiti; \q2 inni ammoo deebisee isaan hin miidha. \b \q1 \v 20 «Latti Asheerii sagalee dansaa bacaa kenniti. \q2 Inni sagalee mootichaaf teetu hin kenna. \b \q1 \v 21 «Naftaalem akka ilmee dansaa gadansaa bilisa; \q2 inni jechoota dadansaa dubbata. \b \q1 \v 22 «Yoseef akka muka woyni'ii midhaanicha, \q2 madda bira jiru, \q2 ka dameen dalleya irra baatuu ti. \q1 \v 23 Worri daaya qabatu isa duchiisanee, \q2 diinumma'aan daaya itti gad lakkisan. \q1 \v 24 Ammoo hunna Waaqa Yaaqoobiitiin, \q2 maqaa tissee jabaa Israa'eliitiin, \q2 guubeen isaatii fi irreen isaa hin jabaatti. \q1 \v 25 Waaqi abbaa keetii ka si qarqaaru, \q2 Waaqi waan mara dande'u, \q2 rooba gubba'aatiin, \q2 madda golbaatiin, \q2 horii heddu'uu fi \q2 ijoollee hedduu kenniisaan si eebbisu. \q1 \v 26 Eebbi abbaa keetii \q2 waan eebba gaarota bara duriitii jalqabanee jiranuu fi \q2 kooba bara baraa irraa dhagganu caala. \q1 Eebbi kun marti mataa Yoseefii, \q2 ka obboleeyyan ifii irraa adda baye \q2 surrii isaa irratti bu'uu ti. \b \q1 \v 27 «Beniyaamin akka yayyii beelottee ti; \q2 ganamaan waan adanse nyaata; \q2 galgala waan booji'e qoqooda» jedhe. \p \v 28 Gosi Israa'elii kudhanii lama isaan kana. Abbaan isaanii eebba isaaniif te'uun tokko tokkoo isaanii yennaa isaan eebbise, wonni isaaniin jedhe tana. \s1 Du'aa Fi Awwaalama Yaaqoobii \p \v 29 Achiin duuba Yaaqoob, isaan gorsee, «Ani du'uu geyeera; isin abbootii tiyya woliin goda fichaa Efronii namicha biyya Heetii keessatti na awwaala'a. \v 30 Godi sun lafa Kana'aanii keessa, Mamree irraa gara aduun baatu, fichaa Makfela'aa keessa jirti; Abrahaam fichaa godi awwaalaa tun keessa jirtu, addee awwaalaatiif Efronii heeticha irraa bitate. \v 31 Abrahaamii fi niitii isaa Saaraa achitti awwaalane; Yisihaqii fi niitii isaa Ribqaa achitti awwaalane; anille Liyaa achitti awwaale. \v 32 Fichaan sunii fi godi fichaa san keessaa sun namoota biyya Heetii irraa bitamane» isaaniin jedhe. \p \v 33 Yaaqoob ilmaan ifiititti gorsee yennaa fixe, miila ifii taqee irratti ol deebifatee, du'ee, gara kolbaa ifii ta addee dhuga'aa jirtuu gale. \c 50 \s1 Awwaalama Yaaqoobii \p \v 1 Yennaa Yaaqoob du'e, Yoseef fuula abbaa ifii irratti jigee itti bowee sunqate. \v 2 Achiin duuba Yoseef tajaajiltoota ifii ogeeyyii qorsaa, akka reeffa abbaa isaa qorsaan sukkuumanee gossanu ajaje. Maarre ogeeyyiin qorsaalle akkuma Yoseef ajaje godhane. \v 3 Reeffa qorsaan sukkuumanee gossuun, guyyaa afurtama waan fudhatuuf, isaan guyyaa afurtamatti hobbaasane. Worri Gibxi'iille guyyaa torbaatama isaaf bowe. \p \v 4 Isaan yennaa nageeffatane, Yoseef qondaaltota mootichaatiin, «Ani yoo isin duratti fudhatama dhaggadhe, maganne'ee mootichaan, \v 5 ‹Abbaan kiyya yennaa du'a geyeeru, addee awwaalaa ta inni ifiif qopheeffate, lafa Kana'aanii keessatti akka ani isa awwaalu na kakachiiseera; tanaaf maganne'ee, dhaqee abbaa kiyya awwaaladhee deebi'a› jedha'aatii naaf hima'a» jedhe. \p \v 6 Mootichi deebisee, «Akkuma inni si Kakachiise, dhaqiitii abbaa keeti awwaali» jedheen. \p \v 7 Maarre Yoseef abbaa ifii awwaaliisaaf dhaqe. Qondaaltoti mootichaa marti, jaarsoleen mana mootummaa isa keessa jiranuu fi jaarsoleen lafa Gibxi'ii marti Yoseef woliin dhaqane. \v 8 Akkasuma maatiin Yoseefii, obboleeyyan isaatii fi maatiin abbaa isaa duudiin isa woliin dhaqane. Ijoollee didiqqoo, re'ee, hoole'ee fi loon isaanii qofatti lafa Gooshenii keessatti hafe. \v 9 Worri garreettaa fardaatii fi abbootiin fardaalle isa woliin dhaqane. Gobbuun sun akka malee guddo'o. \p \v 10 Isaan laga Yordaanosiitiin gama eeddummee Axaadii bira yennaa geyane, abbaa ifiitiif wiiccifatanee bowane; Yoseef achitti guyyaa torba abbaa ifiitiif boochise. \v 11 Worri lafa Kana'aanii keessa le'anu bowicha namoota eeddummee Axaadii biraa dhagganee, «Worri Gibxi'ii bowiisa guddaa bowiisatti jiran!» jedhanee, maqaa addee sanii, «Abeel-Miizraayim» jedhanee baasane; hiikkaan afaan Ibrootaatiin, «Bowa worra Gibxi'ii» jechu'u. Addeen sun laga Yordaanosiitiin gamatti dhagganti. \p \v 12 Maarre ilmaan Yaaqoobii akkuma inni isaan ajaje godhane; \v 13 ilmaan isaa reeffa isaa lafa Kana'aaniititti geessanee, goda awwaalaa ta fichaa Makfela'aa keessatti, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtutti awwaalane. Goda awwaalaa tana Abrahaam addee awwaalaa akka teetuuf Efronii namicha biyya Heetii irraa bitate. \v 14 Yoseef abbaa ifii awwaaleen duuba, obboleeyyan isaatii fi worra abbaa isaa awwaaliisaaf isa woliin deemaneeranu mara woliin gara biyya Gibxi'ii deebi'e. \s1 Yoseef Obboleeyyan Ifii Jajjabeesse \p \v 15 Yaaqoob du'een duuba, Obboleeyyan Yoseefii, «Yoseef haluu qabatee, waan hantuu nuuti isa irratti hunye maraaf haluu nu bayinaa?» jedhane. \v 16 Maarre isaan ergaa gara Yoseefii erganee, «Abbaan keeti adoo hin du'in dura nu ajajee, \v 17 ‹Yakkaa obboleeyyan teetiitii fi balleessaa isaan hujanee si miidhane, isaaniif lakkis› jennee akka sitti hinnu nutti himeera; tanaaf amma nu tajaajiltooti Waaqa abbaa keetii yakkaa nuuti si yakkine mara maganne'ee nuu lakkis!» jedhane. Yoseef yennaa ergaa tana dhage'e bowe. \p \v 18 Achiin duuba obboleeyyan isaalle dhufanee, isa duratti jiganee, «Nuuti garboota teeti» jedhane. \p \v 19 Yoseef ammoo, «Hin sodaatina'a! Ani bakka Waaqaa hin bu'u. \v 20 Isin hantuu na godhiisaaf mala dhoottane; Waaqi ammoo gara waan dansa'aa jijjiire; inni lubbuu namoota heddu'uu ka ammaa fayyisiisaaf tana godhe. \v 21 Maarre hin sodaatina'a. Ani isinii fi ijoollee teessaniif waan barbaachisu hin kenna» jedhe. Yoseef gadhi-laafinnaan obboleeyyan ifiititti dubbatee isaan jajjabeesse. \s1 Du'a Yoseefii \p \v 22 Yoseefii fi maatiin abbaa isaa biyya Gibxi'ii keessa turane. Yoseef woggaa dhibbaa fi kudhan le'ee du'e. \v 23 Yoseef ijoollee Efreemiitii fi ijoollee ijoollee Efreemii dhagge. Akkasuma ijoollee Maakiirii ilma Minaase'eelle akka ijoollee ifiititti laakkowate. \p \v 24 Achiin duuba Yoseef, obboleeyyan ifiitiin, «Ani du'aara. Waaqi ammoo isin woliin hin jiraata. Inni lafa tana keessaa gara lafa Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif waadaa galetti isin hin deebisa» jedhe. \v 25 Maarre Yoseef ilmaan Yaaqoobiitiin, «Waaqi dhugumaan isin woliin hin jiraata; yennaa inni gara lafa sanii isin deebisu, lafee tiyya asii fuutanee akka deentanu naaf kakadha'a» jedhe. \p \v 26 Yoseef woggaa dhibbaa fi kudhani tti du'e. Isaan reeffa isaa qorsaan sukkuumanee gossanee, biyya Gibxi'ii keessatti saanduqa keessa keyane.