\id GAL - Guji Bible \ide UTF-8 \h Worra Galaatiya'aa \toc1 Ergaa Phawuloos Gara Worra Galaatiya'aa Erge \toc2 Worra Galaatiya'aa \toc3 Gal. \mt2 Ergaa Phawuloos \mt1 Gara Worra Galaatiya'aa Erge \imt Seensa \ip Jechi Oduu Gammadaa ka marroo fayyisaa te'uu Yesuusii dubbatu, addee maratti lallabamaa, worri Yihudoota hin te'in akkuma fudhataa deemaneen, «Kiristaana te'iisaaf Seera Muuse'ee muummessiis barbaachisa'a moo barbaachisa'aa moti?» gaaffiin jettulle kaate. Asiyaa diqqaa keessa, Galaatiyaa bulchiinsa Rooma'aa keessa jiru keessa, wolde'oota kiristaanaa jiru oddu'utti, «Nami Waaqa duratti balchoomiisaaf Yesuus calla'atti dhugeeffatiisa adoo hin te'in, Seera karaa Muuse'eetiin kenname muummessuu qaba» jedhaa, worri Phawuloosiin mormu jiraayyu. \ip Phawuloos ergaa Galaatiya'aa tana, worra barsiisa kanaan raafamiisatti jiru, gara dhugeeffannaa sirrii teeteetii fi jiruu kiristaanumma'aa qajeelchiisaaf barreesse. Phawuloos ergamaa Yesuus Kiristoosii te'uu ifii mirkaneessiisaan jalqaba. Ergamaa akka te'uuf ka isa waame Waaqa malee nama akka hin te'inii fi ergaan isaalle gara worra Yihudoota hin te'inii akka te'e tokko-lama'aan dubbata. Foorota dhumaa keessatti, jiruun kiristaanumma'aa, jaalala Yesuusitti dhugeeffatiisa irraa maddu akka te'e mudhisa. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-10\ior* \io1 Baallii Phawuloosii ta ergamumma'aa\ior 1:11—2:21\ior* \io1 Oduu Gammadaa ta badhaadha Waaqaa\ior 3:1—4:31\ior* \io1 Bilisumma'aa fi itti gaafatamummaa kiristaanaa\ior 5:1—6:10\ior* \io1 Yaada buufataa\ior 6:11-18\ior* \c 1 \s1 Nageya \p \v 1 Namootaan yookiin karaa nama tokkootiin adoo hin te'in, Yesuus Kiristoosii fi Waaqa Abbaa Kiristoos du'aa kaaseen, ergamaa te'ee ka ergame, ana Phawuloos biraa, \v 2 obboleeyyan na woliin jirtu mara biraa: wolde'oota kiristaanaa ka Galaatiyaa keessa jirtanuuf, \p \v 3 Waaqi Abbaan keenna, Goottaan keenna Yesuus Kiristoosille badhaadhaa fi nageya isiniif kennu! \p \v 4 Akka fedha Waaqa Abbaa keennaatitti, bara hamaa kana keessaa nu bilisa baasiisaaf jedhee, Kiristoos marroo cubbuu teennaatiif ifi dabarsee kenne. \v 5 Baraa haga bara baraatitti Waaqaaf ulfinni te'u! Ameen. \s1 Oduun Gammadaa Dhugittiin Takka'a \p \v 6 Badhaadha Kiristoosiitiin ka isin waame irraa garagaltanee, gara oduu gammadaa ta biraa ariifattanee deebi'uun keessan na baaseffachiitteerti. \v 7 Worri isin kem'i godhiisaa fi Oduu Gammadaa ta Kiristoosii daddasiisaaf barbaadu waan jiruuf tana jedhe malee, dhugumaan Oduun Gammadaa ta biraa hin jirtu. \v 8 Te'uu malee, nu'ulle yoo te'e, yookiin ergamaa Waaqaa ka ol-gubba'aalle yoo te'e, Oduu Gammadaa ta nuuti isinitti lallanne irraa ta gorte, yoo lallabe ka abaarame te'uu ti! \v 9 Akkuma tanaan dura dubbadhe, ammalle irra deebi'ee dubbadha: eennulle Oduu Gammadaa ta isin fudhattane irraa ta gorte, yoo isinitti lallabe ka abaarame te'uu ti! \p \v 10 Ani amma nama moo, Waaqa duratti fudhatama dhaggatiisaaf barbaadiisatti jira ree? Yookiin nama gammachiisu'uuf barbaadatiisatti jiraa? Nama gammachiisu'uuf adoo waan barbaadu teete, ani tajaajilaa Kiristoosii hin te'uuyyu. \s1 Phawuloos Ergamaa Te'iisaaf Waamame \p \v 11 Obboleeyyan tiyya! Oduun Gammadaa ta ani isiniif lallabe, ta nami ifi keessaa maddisiise akka hin te'in, akka beettanu barbaada. \v 12 Oduu Gammadaa tana, Yesuus Kiristoositti natti mudhise malee, ani eennulle irraa hin fudhanne, yookiin eennulle na hin barsiinne. \p \v 13 Yennaa duri dhugeeffannaa Yihudootaa hordofu, attam akka ani le'e dhageettaneertan; ani wolde'a kiristaana Waaqaa akka malee miidhaa\f + \fr 1:13\fr*\fqa Miidhaa: \fqa*\ft Ari'aa\ft*\f* balleessiisaaf wodhaanaa ture.\x - \xo 1:13 \xo*\xt HuE. 8:3; 22:4-5; 26:9-10\xt*\x* \v 14 Worra bara kiyya jiru, lansoota tiyya ta Yihudoota te'ane hedduu, ani dhugeeffannaa Yihudootaa eeggatiisaan hin caala; marroo aadaa abbootii teennaatille'eef akka malee hin hinaafaayyu. \p \v 15 Waaqi ammoo adoo ani hin dhalatin dura na filate; badhaadha ifiitille'een na waame. \v 16 Oduu Gammadaa ta marroo Ilma isaa, worra Yihudoota hin te'in oddu'utti akka ani lallabuuf, yennaa Waaqi Ilma ifii natti mudhisiisa jaalate, ani nama tokkolle woliin hin mari'anne; \v 17 yookiin gara worra anaan dura ergantoota te'ee Yerusaalem hin dhandhe, ammoo yoosuma gara biyya Arabaa dhaqee, achiin duuba Damaasqo'otti deebi'e. \v 18 Eegii san woggaa sadiin duuba Pheexroos\f + \fr 1:18\fr*\fqa Pheexroos: \fqa*\ft Afaan Giriikiitiin Keefaa jedham.\ft*\f* ilaaliisaaf gara Yerusaalemii dhaqee, isa bira guyyaa kudha shan ture.\x - \xo 1:18 \xo*\xt HuE. 9:26-30\xt*\x* \v 19 Obboleessa Gootta'aa Yaaqoob malee, ergantoota dhibii keessaa tokkolle hin dhaggine. \p \v 20 Wonni ani isiniif barreessu kun dhara akka hin te'in, Waaqi hin beeka. \v 21 Ani Yerusaalem dhaqeen duuba gara biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiya'aa dhaqe. \v 22 Wolde'ooti kiristaanaa ka Kiristoosii, ka lafa Yihuda'aa keessa jiru, ilaan na dhagganee hin beekanu. \v 23 Oduu, «Namichi duri nu miidhaa ture, dhugeeffannaa balleessiisaaf barbaadu san, amma lallabiisatti jira» jettu qofa dhage'aneeran. \v 24 Sababa kiyyalle'eef Waaqa galateeffatane. \c 2 \s1 Phawuloosii Fi Ergantoota Taan \p \v 1 Eega san woggaa kudha afuriin duuba, Tiitoos ifi faana fudhadhee, Baarnaabaas woliin gara Yerusaalemii deebi'ee dhaqe. \v 2 Akka ani achi dhaqu, Waaqi natti mudhinnaan dhaqe. Hujiin ani kanaan dura hujee fi ta amma hujiisatti jiru, tola akka hin banneef jedhee, Oduu Gammadaa ta worra Yihudoota hin te'initti lallabu, sooreyyii gugurdo'oof qofitti hime. \v 3 Tiitoosiin na woliin jiru, nama Giriikii te'ulle, akka haqanqabaa qabatu hunnaan hin godhanne. \v 4 Te'uu malee obboleeyyan dharaameyyiin tokko tokko, ka luuxanee nu odduu seenane, akka inni haqanqabaa qabatu barbaadaneeraniiyyu. Isaan bilisummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu dooyanee, garbumma'atti nu deebisiisaaf barbaadanee, luuxanee seenane. \v 5 Dhugaan Oduu Gammadaa, akka yennaa mara isin woliin jiraattuuf, nuuti yennaa diqqolle'eef isaaniif hin ajajane. \p \v 6 Worri sooreyyii gugurdoo ifi fakkeessuu ammoo, eennummaan isaanii ta qaraa womaa natti hin fakkaatu; Waaqi fuula namaa ilaalee hin golu; isaan Oduu Gammadaa ta ani lallabu irratti womaa hin daballe. \v 7 Ammoo akka Waaqi, akkuma Pheexroos Oduu Gammadaa worra Yihudootaatiif akka lallabuuf adaraa itti kenne, anille Oduu Gammadaa worra Yihudoota hin te'iniif, akka lallabuuf adaraa natti kenneeru beekaneeran. \v 8 Waaqi akka Pheexroos ergamaa worra Yihudootaa te'ee tajaajilu godhe, akka anille ergamaa worra Yihudoota hin te'inii te'ee tajaajilu godheera. \v 9 Akkasuma sooreyyiin akka utuba'aa ilaalamanu Yaaqoob, Pheexroosii fi Yohaannis, badhaadha naaf kenname hubatanee, tokkummaa mudhisiisaaf Baarnaabaasii fi na woliin harka wol qabanneerra; Baarnaabaasii fi ani gara worra Yihudoota hin te'inii akka dhandhu, isaaniille gara worra gosa Waaqaa akka dhaqanu woliif galleerra. \v 10 Isaan marroo hiyyeeyyi'iitiif akka nuuti yaadannu callaa nutti dubbatane, kun waan ani dhugumaan godhiisaaf fedhuuyyu. \s1 Anxokiya'atti Phawuloos Pheexroosiin Morme \p \v 11 Pheexroos gara Anxokiya'aa yennaa dhufe waan dokonkoreeruuf, ani fuula duratti isa morme. \v 12 Namooti gariin Yaaqoob biraa adoo hin dhufin dura, Pheexroos worra Yihudoota hin te'in keessaa worra dhugeeffate woliin nyaataa ture; yennaa isaan dhufane ammoo, golii worra haqanqabaa qabatee\f + \fr 2:12\fr*\fqa Golii worra haqanqabaa qabatee: \fqa*\ft Golii, «Worri worra Yihudootaa hin te'in keessaa dhugeeffate haqanqabaa qabatuu qaba» jettu.\ft*\f* sodaatee, worra Yihudoota hin te'in irraa ifi gargar baasee qarqarfate; \v 13 Worri Yihudoota keessaa dhugeeffatanelle, kijiba Pheexroosii hordofaneeran; Baarnaabaasinuu kijiba isaaniitiin duubatti harkifameera. \v 14 Akka isaan akka dhugaa Oduu Gammadaatitti hujaa hin jirre, ani yennaa dhagge, isaan mara duratti Pheexroosiin, «Ati Yihudii teetee, akka Yihudi'iititti adoo hin te'in, akka nama Yihudii hin te'iniititti eega jiraatte, attamiin worri Yihudoota hin te'in, akka Yihudootaatitti akka jiraatuuf uttitta ree?» jedhe. \s1 Namuu Dhugeeffanna'aan Fayya \p \v 15 Nuuti dhalootaan Yihudoota malee, worra Yihudoota hin te'in worra cubbichaa moti. \v 16 Te'uu malee nami Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan malee, Seera eeggatiisaan akka hin balchoonne beenneerra. Nuutille Seera eeggatiisaan adoo hin te'in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan akka balchoonnuuf Yesuus Kiristoositti dhugeeffanneerra. Eennulle Seera Muuse'ee eeggatiisaan hin balchoomu.\x - \xo 2:16 \xo*\xt Far. 143:2; Rom. 3:20,22\xt*\x* \v 17 Kiristoositti dhugeeffatiisaan balchoomiisaaf adoo barbaannuu, nuutinuu cubbaalleyyii teenee yoo mudhanne, akka cubbuu tolchinu ka godhiisatti jiru Kiristoos jechu'u ree? Ijjumaa, hin teetu! \v 18 Ani Seera diige deebisee yoo ka ijaaru te'e, aninuu nama Seera diigu te'uu kiyya mudhisiisatti jira jechu'u. \v 19 Ani Waaqaaf le'iisaaf, karaa Seeraatiin Seera duraa du'eera; ani Kiristoos woliin fannifameera. \v 20 Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le'a malee, ani ifiif hin le'u. Le'ii amma fooniin le'ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le'a. \v 21 Ani badhaadha Waaqaa gatii hin dhooggu; Seera eeggatiisaan adoo waan balchoomanu teete, Kiristoos toluma du'e jechu'uu motii ree! \c 3 \s1 Balchummaan Seeraan Moo Dhugeeffanna'aan \p \v 1 Worra Galaatiya'aa gowwoole'e! Eentu muusessee isin dooche? Yesuus Kiristoos fannifamee, akka waan barreeffamee rarraafamee, ila teessan dura jiraayyuu. \v 2 Ani waan tokko callaa beekuu barbaada: isin Seera eeggatiisaan moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee itti dhugeeffatiisaan Ayyaana Woyyicha fudhattane? \v 3 Attam akkas gowwitan? Ayyaana Waaqaatiin jalqaddanee, amma ammoo yaada fooniitiin muummessuu barbaaddanii ree? \v 4 Dhugumaan waan woy hin baaneef yoo te'e, toluma waan isin irra dhaqqabe kana mara fudhattanee ree? \v 5 Waaqi Ayyaana ifii isinii kennee, bilbaasa isin oddu'utti wonni hujuuf, waan Seera eeggattaneef moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee waan itti dhugeeffattaneef? \p \v 6 Abrahaam ilaala'a me; Barreeffami Woyyichi, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffate; dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef» jedha. \v 7 Maarre worri dhugeeffatu maraa ilmaan Abrahaamii akka te'e hubadha'a! \v 8 Barreeffam Woyyichi akka Waaqi worra gosa isaa hin te'in dhugeeffanna'aan balchoonsu, duraan dursee dhaggee Abrahaamiin, «Gosi maraa si'iin hin eebbifama» jedhee, Oduu Gammadaa itti himeera. \v 9 Tanaaf worri dhugeeffatu maraa, Abrahaamii dhugeeffate woliin ka eebbifame. \p \v 10 Barreeffam Woyyichi, «Waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame mara, nami hin eeganne maraa ka abaarame!» waan jedhuuf, worri Seera eeggatiisatti ciqilfatu abaarsa jala jira. \v 11 Barreeffam Woyyichi, «Nami balchaan dhugeeffanna'aan le'a» waan jedhuuf, eennulle Waaqa duratti Seeraan balchoomiisaaf akka hin dandeenne ifa. \v 12 Seerri dhugeeffannaa irratti hin hundeeffamu; te'uu malee Barreeffam Woyyichi, «Nami waan Seerri jedhu guutu, ittiin hin le'a» jedha. \p \v 13 Barreeffam Woyyichi, «Nami muka irratti rarraafamu maraa ka abaarame» waan jedhuuf, Kiristoos nu'uuf jedhee abaaramaa te'ee, abaarsa Seerri nutti fidu jalaa nu wode. \v 14 Eebbi Abrahaam dhaggate, karaa Kiristoos Yesuusiitiin, worra Yihudoota hin te'in maraaf akka kennamuuf, Ayyaana Waaqi addii kennelle, dhugeeffanna'aan akka fudhannuuf Kiristoos nu wodeera. \s1 Seerri Waadaa Galame Hin Diigu \p \v 15 Obboleeyyan tiyya, le'ii guyyuma guyya'aa keessaa fakkeenna tokko fuudhee dubbadha: yoo nami lamaan waan tokko irratti wolii galee, wolii galtee san mallatteesse, eennulle wolii galtee san diigiisaaf, yookiin woy itti dabaliisaaf hin dande'u. \v 16 Maarre Waaqi Abrahaamii fi sanyii isaatiif addii kenneera; Barreeffam Woyyichi, akka nama heddu'uuf dubbatamuutitti, «Sanyoota» hin jedhu, akka nama tokkoof dubbatamuutitti, «Sanyii» jedha, innille Kiristoos. \v 17 Kana jechuun kiyyalle, Seerri woggaa dhibba afurii fi soddomaan duuba kenname, gondooroo qara Waaqaan gondoorante diigee, waadaa galame san balleessiisaaf hin dande'u jechuu kiyya. \v 18 Kennansi Waaqaa\f + \fr 3:18\fr*\fqa Kennansi Waaqaa: \fqa*\ft Dhaala dhaaliis, fayyinna dhaggatii.\ft*\f* Seeratti ciqilfatiisaan adoo te'ee, waadaa galametti ciqilfatiisaan hin te'uuyyu. Te'uu malee, karaa waadaa galameetiin, Waaqi kennansa ifii Abrahaamiif kenneera. \p \v 19 Yoona Seerri maaf kenname ree? Sanyiin Abrahaamiif waadaa galameen kenname haga dhufu, seera tariis maan akka te'e mudhisiisaaf, Seerri dabalamee kenname. Seerri ergantoota Waaqaatiin, karaa araarsaa\f + \fr 3:19\fr*\fqa Araarsaa: \fqa*\ft Wodhakkicha\ft*\f* tokkochaatiin kenname. \v 20 Te'uu malee, araarsaan tokko golii lama wolakka'atti malee takkaa calla'aaf hin barbaachisu; Waaqi ammoo tokkocha. \s1 Seerri Maaf Akka Kenname \p \v 21 Seerri waadaa Waaqi galeen hin mormaa ree? Ijjumaa hin mormu! Seerri akka jiruu kennuuf adoo kennamee jiraate, sila dhugumaan, Seera eeggatiisaan balchummaan hin dhaggantiiyyu. \v 22 Waadaan galame, ta Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan dhaggantu, worra dhugeeffatuuf akka kennantuuf, Barreeffam Woyyichi biyyi lafaa duudiin cubbu'uuf bitamiisaan hidhantee akka jirtu dubbata. \p \v 23 Adoo dhugeeffannaan hin dhufin dura, haga dhugeeffannaan mudhatutti, Seeraan hidhannee, Seera jalatti eegamaa ture. \v 24 Maarre nuuti dhugeeffanna'aan akka balchoonnuuf, haga Kiristoos dhufu, Seerri guddisoo keenna te'eeraayyu. \v 25 Amma ammoo, dhugeeffannaan waan dhutteef, haganaa achi guddisoo Seeraa jala hin jiraannu. \s1 Ijoollee Waaqaa \p \v 26 Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatiisaan, isin martinuu ijoollee Waaqaa ti. \v 27 Isin worri Kiristoos woliin tokko te'iisaaf cuuphantane maraa, Kiristoos akka woya'aa uffattaneertan. \v 28 Karaa Kiristoos Yesuusiitiin, isin martinuu tokko waan teetaneef, worra Yihudi'iitii fi Giriikii, garbichaa fi ka garbicha hin te'in, dhiiraa fi dubartii oddu'utti garaagarummaan hin jirtu. \v 29 Ka Kiristoosii eega teetane, isin sanyii Abrahaamii ti; waan Waaqi isiniif addii kennelle hin dhaaltan.\x - \xo 3:29 \xo*\xt Rom. 4:13\xt*\x* \c 4 \p \v 1 Ammalle wonni ani jedhuu barbaadu kana: ilmi karra abbaa ifii dhaalu tokko, karra abbaa ifii mara irratti goottaa yoo te'elle, haga ijoollumma'aan jiru garbicha tokko hin caalu. \v 2 Yennaan abbaan isaaf murteesse haga geettu, harka worra isa guddisuutii fi worra isa bulchuu jala tura. \v 3 Nuutille akkasuma, ayyaanaan adoo hin guddatin duratti, seera\f + \fr 4:3\fr*\fqa Seera: \fqa*\ft Yookiin ayyaanota gugurdaa\ft*\f* biyya lafaatiif garba teenee turre. \v 4 Barri murtaye sun yennaa geye, Waaqi Ilma ifii nuuf erge. Inni dubartii irraa dhalatee, Seera jalatti bule. \v 5 Inni worra Seera jala jiru wodee, ilmaan Waaqaa nu godhiisaaf tana godhe.\x - \xo 4:5-7 \xo*\xt Rom. 8:15-17\xt*\x* \p \v 6 Isin ilmaan isaa waan teetaneef, Waaqi Ayyaana Ilma ifii ka, «Abbaa, Abbaa» jedhee waamu gara keessa\f + \fr 4:6\fr*\fqa Keessa: \fqa*\ft Gadhaa\ft*\f* keennaa ergeera. \v 7 Maarre yoona, ati ilma malee garbichaa moti; ilma eega teete, Waaqi akka dhaaltu si godheera. \s1 Phawuloos Worra Galaatiyya'aatiif Haajame \p \v 8 Isin dur adoo Waaqa hin beekin, waan dadamaan waaqota dhuga'aa hin te'iniif garba teetaneertaniiyyu. \v 9 Amma ammoo Waaqa beettaneertan; dhugumaan Waaqi isin beekeera. Attam deebitanee gara hunnoota biyya lafaa dadhaboole'ee fi ka woy hin baane kanatti garagaltan ree? Ammalle deebitanee garba isaanii te'iisaaf barbaaddan? \v 10 Guyyaa, ji'a, bonaa-gannaa fi woggaa adda te'e ulfeessitan. \v 11 Hujiin ani isinii huje mara tola baddeerti jedhee isinii sodaadha. \p \v 12 Obboleeyyan tiyya, waan ani akka keessan te'eef, isinille akka kiyya akka teetanuuf isin kadhadha. Isin womaa na hin yakkine. \v 13 Yennaa jalqabaa, akka ani sababa dhibee tiyyaatiin, Oduu Gammadaa isinii lallabe, isinuu hin beettan. \v 14 Dhibeen tiyya ilaallachaa isinitti teetulle, akka ergamaa Waaqaatii fi akka Kiristoos Yesuusiititti na fudhattane malee, isin na hin tuffanne, yookiin na hin jibbine. \v 15 Gammad keessan sun eessa dhaqe ree? Adoo dandeettane ila teessanille ifi keessaa baattanee, worra naaf kennitanu akka teetane anuu dhugaa hin baya. \v 16 Ani waan dhugaa isinitti himeef diina keessan te'ee ree? \p \v 17 Namooti kuun isiniif akka malee yaadatan, te'uu malee dansa'aafii moti; akka isin isaaniif jabaattanee yaadattanuuf, nu irraa isin kutiisa barbaadan. \v 18 Yaada dansa'aaf yoo te'e, namaaf yaadatuun waan dansa'a; tun ammoo yennaa maraaf malee, yennaa ani isin bira jiru calla'aaf hin te'in. \v 19 Ijoollee tiyya, haga bifi Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ani ammalle akka dubartii deettuu isiniif hin ciniinsifadha. \v 20 Ani marroo teessaniif waan godhu waan wollaaleeruuf, adoo isin biratti dhaggamee akka dhibi'iin isinitti dubbadhee hin fedhaayyu. \s1 Fakkeenna Aggaariitii Fi Saara'aa \p \v 21 Isin worri Seera jalatti buliisaaf barbaadanu, waan Seerri jedhu hin dhageennee? Natti hima'a! \v 22 Abrahaam ilmaan lama qabaayyu; tokkocha dubartii garbittii irraa, kaan dubartii garbittii hin te'in irraa, akka uumate barreeffanteerti. \v 23 Ilmi tokkochi dubartii garbittii irraa, akka fedha foonii calla'aan dhalate; kuun ammoo dubartii garbittii hin te'in irraa, addii kennanteen dhalata. \v 24 Amma kun fakkeenna; dubartooti lamaan sun fakkeenna gondooroo lamaanii ti. Takkattiin ta ijoolleen isi'ii garbummaa keessatti dhalatte Aggaari; isiin fakkeenna gondooroo Gaara Siina'aa irratti gondoorantee ti. \v 25 Aggaariin Gaara Siina'aa ka biyya Arabaa keessa jiruun fakkeeffante sun, fakkeenna Yerusaalemii amma kolbaa ifii woliin garbummaa keessa jirtuu ti. \v 26 Yerusaalemiin ol-gubba'aa ammoo bilisoontu'u; isiin haadha teenna. \v 27 Barreeffama Woyyicha keessatti, \q1 «Ijoollee dubartii abbaa manaa qadduu caalaa, \q2 ijoolleen dubartii qofi lakkifantee waan heddatteef, \q2 ati maseentittiin deettee hin beenne gammadi; \q2 ati ta ciniinsifattee hin beenne \q2 iyyii ilillisi!» jedhantee barreeffanteerti. \p \v 28 Amma obboleeyyan tiyya, akkuma Yisihaqii, isinille ijoollee addii kennantee ti. \v 29 Te'uu malee, yennaa san ka akka fedha foonii calla'aan dhalate, ka fedha Ayyaana Waaqaatiin dhalate akkuma ari'e, ammalle akkasuma hin te'a. \v 30 Barreeffami Woyyichi ammoo maan jedha? Wonni jedhu, «Ilmi garbitti'ii, ilma ta garbittii hin te'inii woliin dhaala waan hin qoodanneef, garbittii ilma isi'ii woliin ari'i!» hin jedha. \v 31 Maarre obboleeyyan tiyya, nuuti ijoollee ta garbittii hin te'inii ti malee, ijoollee garbitti'iitii moti. \c 5 \s1 Bilisummaa Kiristoosiin Dhaggantu \p \v 1 Bilisumma'aan akka leenuuf Kiristoos bilisa nu baase. Tanaaf jabaadha'aa dhaabbadha'a! Deebitaneelle waanjoo\f + \fr 5:1\fr*\fqa Waanjoo: \fqa*\ft Qambaraa\ft*\f* garboomaatiin hin hidhamina'a! \p \v 2 Dhage'aa! Yoo haqanqabaa ifi qassiittane, akka Kiristoos ijjumaa isiniif woy hin baane, ani Phawuloos isinitti hima. \v 3 Nami haqanqabaa qassiifatu mara, dirqama Seera duudii muummessiisaa akka qabu ani ammalle dhugaa hin bayaaf. \v 4 Isin worri Seera eeggatiisaan balchoomiisaaf barbaaddanu, Kiristoos irraa ifi kuttaneertan; badhaadha waaqaa irralle'ee bayyattaneertan. \v 5 Nuuti ammoo karaa Ayyaana Waaqaatiin, balchummaa addii godhannu dhugeeffanna'aan dharra'aa eeganna. \v 6 Kiristoos Yesuusiin yoo jiraanne, dhugeeffannaa jaalalaan hujjuttuu gatii qaddi malee, haqanqabaa qabatiisa yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisaa moti. \p \v 7 Isin akkuma dansaa hujaa turtane; akka isin dhuga'aaf hin ajajanne eentu gufuu isinitti te'e ree? \v 8 Hawadiin tun ta Waaqa gara dhuga'aa isin waamu biraa dhuttee moti. \v 9 Uukoon diqqoon bukoo duudii bukeessiti.\x - \xo 5:9 \xo*\xt 1 Qor. 5:6\xt*\x* \v 10 Akka isin yaada kana irraa gore hin qabaatin, ani Gootta'aan ifi-addii qaba. Eennulle teenaan nami isin jaanjursu muraa hin fudhata. \v 11 Ammoo obboleeyyan tiyya, haqanqabaa qabatiis barbaachisaa akka te'e, adoo waan lallabiisatti jiraadhee, maaf na miidhan ree? Yoo akkasii, fannoon Kiristoosii namaaf gufuu te'iis, silaa hin hafaayyu. \v 12 Worri isin jaanjursu sun, haqanqabaa qabatiisa callaa adoo hin te'in, adoo ifi yakkate ani hin jaaladha. \p \v 13 Obboleeyyan tiyya, isin bilisumma'aaf waammantaneertan; jaalalaan wol tajaajila'a malee, bilisummaa teessan tana halchaa foonii muummeffatiisaaf karaa dagu'uu hin godhatina'a! \v 14 Seerri duudiin Jecha, «Akkuma ifi jaalattu nama jaaladhu!» jedhuun wolitti qabama\f + \fr 5:14\fr*\fqa Wolitti qabama: \fqa*\ft Muummowa\ft*\f*. \v 15 Yoo ammoo ka wol cicciniittanee wol nyaattanu teete, akka wol hin balleessine ifi eeggadha'a! \s1 Hujii Ayyaanaatii Fi Hujii Foonii \p \v 16 Wonni ani jedhu tana: yoona Ayyaanaan sooreffamaa le'aa malee, halchaa foonii hin muummessina'a! \v 17 Halchaan foonii halchaa Ayyaanaatiin mormiti; halchaan Ayyaanaalle halchaa fooniitiin mormiti; halchaan lamaan tun waan wol mormituuf, waan jaalattanu godhiisaaf hin dandeettanu.\x - \xo 5:17 \xo*\xt Rom. 7:15-23\xt*\x* \v 18 Yoo Ayyaanaan sooreffantane ammoo, Seera jala hin jirtanu. \p \v 19 Hujiin foonii ta beekkante. Isiille: sagaagaluu, battummaa, baalagummaa, \v 20 waaqota dharaa waaqonsuu, moruu\f + \fr 5:20\fr*\fqa Moruu: \fqa*\ft Xanuu, falfaluu\ft*\f*, diinummaa, moromaa, hinaaffaa, mufii, ifi jaalatuu, wol dhabuu, wol fojuu, \v 21 dhiibbaleessa te'uu, machii, sarbicha dhiitu'uu\f + \fr 5:21\fr*\fqa Sarbicha dhiitu'u: \fqa*\ft Nyaatanee unanee caaqu'u\ft*\f* fi ta tana fakkaattu. Akkuma kanaan dura isinitti hime, ammalle itti deebi'ee isinitti hima: worri waan akkasii huju mootummaa Waaqaa hin dhaalu. \p \v 22 Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama, \v 23 qajeelumma'aa fi ifi qabatiisa. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru. \v 24 Worri ka Kiristoosii te'e, halchaa hantu'uu fi fedha isaa woliin foon ifii fanniseera. \v 25 Worra Ayyaanaan leenu yoo teene, Ayyaanaan sooreffannuu ti. \v 26 Wol aarsaa, wol hinaafaa, tola me ifi jajnuu ti! \c 6 \s1 Ba'aa Wolii Ba'adha'a \p \v 1 Obboleeyyan tiyya, yoo nami tokko cubbu'uun qabame, isin worri ayyaantoleen qajeelumma'aan isa qajeelcha'a! Ammoo isinille akka hin ataabanne ifi eeggadha'a. \v 2 Ba'aa wolii ba'adha'a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan. \v 3 Nami woy hin baane tokko, nama woy bawu yoo ifi seye, ifi gowwoonsa. \v 4 Nami maraa hujii ifii qoree ilaaluu ti! Achiin duuba worra dhibii woliin wol bira qabee ifi ilaaliisaan adoo hin te'in, ifumaaf waan ittiin ifi jaju hin dhaggata. \v 5 Nami maraa ba'aa ifii ba'atuu qaba. \p \v 6 Nami Jecha Waaqaa baratu, barsiisaa ifii woliin waan dansaa mara qoodamuu ti! \p \v 7 Ifi hin sobina'a! Waaqatti funnaan hin dhaabanu. Nami waanuma facaase haammata. \v 8 Nami akka fedha foon ifii facaasu, fedha foon ifii irraa du'a haammata; nami akka fedha Ayyaanaa facaasu, Ayyaana irraa jiruu bara baraa haammata. \v 9 Yoo addii kutatuu dhanne, yennaan haamma'aa yennaa geette, waan wolitti qabannuuf, hujii dansaa hujiisa me dadhannuu ti. \v 10 Maarre yennaa daguu dhagganne maratti, nama maraaf, keessattuu worra dhugeeffannaa keessa jiruuf, waan dansaa goonuu ti. \s1 Gorsaa Fi Nageya Muummeffataa \p \v 11 Qubee gugurdoo attamiitiin akka ani harka kiyyaan isiniif barreessiisatti jiru ilaala'a! \v 12 Worri waan nafa namaa irratti alaan mudhatu dhaggisiisuu barbaadu, akka isin haqanqabaa qabattanu hunnaan isin godha. Marroo fannoo Kiristoosiitiif, akka miidhaan isaan hin geenne qofaaf tana godhan. \v 13 Isaan haqanqabaa qabatiisa keessaniin ifi jajiisaaf, haqanqabaa qabatiisa keessan barbaadan malee, worri haqanqabaa qabateeyyuu Seera hin eegatu. \v 14 Fannoo Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii, ta biyyi lafaa ana irraa ittiin fannifante, ka anille biyya lafaa jalaa ittiin fannifameen malee, waan biraatiin ifi jajuun ijjumaa naaf hin te'in. \v 15 Dada haareya te'iisa malee, haqanqabaa qabatiisii, yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisi womaayyuu moti. \v 16 Worra seera kana hordofu maraa fi Israa'elii worra Waaqaa teeteef, nageyaa fi marartiin teetu. \p \v 17 Gadaannis ani nafa kiyya irratti qabu, garbicha Yesuusii te'uu kiyya waan mudhisuuf, haganaa achi namuu na hin rakkisin. \v 18 Obboleeyyan tiyya, badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. Ameen.