\id EZR - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Izra'aa \toc1 Kitaaba Izra'aa \toc2 Kitaaba Izra'aa \toc3 Izr. \mt1 Kitaaba Izra'aa \imt Seensa \ip Kitaab Izra'aa, kitaabota dabarsi'ii lamatti ka aaneeru yoo te'u, marroo Yihudooti booji'amane gariin Baabilon irraa deebi'iisaatii fi Yerusaalem keessatti adde'etti deebi'iisa jiru'uutii fi waaqonfanna'aa dubbata. Haalli kun akka asii gad jirutti dhikaateera: (1) Ajaja mootii Faaresiitiin, booji'antooti Yihudootaa ta qaraa, Baabilon irraa deebite. (2) Galmi Waaqaa deebi'ee ijaarramee eebbifame; Yerusaalem keessatti Waaqa waaqonfatiisille adde'etti deebi'e. (3) Woggaa heddu'uun duuba, booji'antooti Yihudootaa ta dhibiin beekkicha seera Waaqaa Izra'aan sooreffamaa gara Yerusaalemii deebite; Izraan jiruu Israa'elii ta ayyaanaatii fi dhugeeffannaa isaanii adde'etti deebisiisaaf, jiruu kolba'aa ta ayyaanaatii fi jiruu isaanii ta hawaasumma'aa isaan qarqaare. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Boojuu irraa deebi'iisa qaraa\ior 1:1—2:70\ior* \io1 Deebi'ee ijaarramiisaa fi eebbifamiisa Galma Waaqaa\ior 3:1—6:22\ior* \io1 Izraan booji'antoota dhibii woliin deebi'e\ior 7:1—10:44\ior* \c 1 \s1 Yihudooti Boojuu Irraa Deebi'ane \p \v 1 Dubbiin Mootiin Waan Maraa karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbate akka muummottu, mootichi Faaresii Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, akka inni lassii lassiisee barreeffamalle'een baasu Mootiin Waan Maraa yaada isaa kakkaasee, \v 2 «Mootiin Faaresii Qiiros, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa mootummaa biyya lafaa mara na kenneera; Yerusaalemii Yihudaa keessaatitti, Galma isaa akka ijaaru na ajajeera. \v 3 Kolbaa isaa keessaa nama odduu teessan jiru mara, Waaqi isaa isa woliin jiraatuu ti; inni gara qachaa Yerusaalemii ka Yihudaa keessa jiruu ol bayee, Waaqa achi jiruuf, Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebisee ijaaruu ti. \v 4 Worri addee booju'uutitti hafe marti addee jiranu mara keessaa, kennansaa fedhii ifiitiin Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiruuf kennanuun ala, meeti'ii fi worqii, meyaa fi horii kenniisaan isa qarqaaranuu ti› jedheera» jedhe. \p \v 5 Achiin duuba maatii Yihuda'aatii fi Benyaaminii keessaa angafooti, hayyootii fi Lewwooti, nami Waaqi yaada isaa kakkaase marti dhaqee Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru deebisee ijaariisaaf qophowe. \v 6 Worri adaala isaanii jiru martinuu, kennansa fedhii ifiitiin kennanuun ala, meya meeti'ii fi worqii irraa hujame, meya adda addaa, meya gatii guddo'ootii fi horii kenniisaan isaan qarqaarane. \v 7 Kana maleelle mootichi Qiiros, meya Galma Waaqaa ka Nebukadnezaar Yerusaalemii fudhatee galma waaqota ifii keessa keyateeru gad baase. \v 8 Mootiin Faaresii Qiiros meya san namicha meya mana mootumma'aa eegu Miitradaatitti kennee, bulchaa Yihuda'aa ka te'e Sheshibazaar duratti akka laakkowamu kenne. \v 9 Mey laakkowame sun ka asii gad jiru: \p Qoriin gugurdoon worqii irraa hujante soddoma; \p Qoriin gugurdoon meetii irraa hujante kuma tokko; \p Qoriin dhibiin diddamii sagal; \v 10 Qoriin didiqqoon worqii irraa hujante soddoma; \p Qoriin didiqqoon meetii irraa hujante ta wol fakkaattu dhibba afurii fi kudhan. \p Mey adda addaa ka dhibiin kuma tokko. \p \v 11 Mey worqi'iitii fi meeti'ii wolumatti kuma shanii fi dhibba afur. Worri booji'ame Baabilon irraa gara Yerusaalemii yennaa deebi'e, Sheshibazaar meya kana mara fuudhee baye. \c 2 \s1 Maqaa Worra Boojuu Irraa Deebi'ee \p \v 1 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar gara Baabilonii worra booji'e keessaa, worri gara qachoota ifii Yerusaalemii fi Yihuda'aa deebi'e isaan kana: \v 2 isaan sooressitoota ifii Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiyaa, Seraayaa, Re'elaayaa, Mordekaayi, Biilshaan, Miisphaar, Biigwaayi, Rehuumii fi Ba'anaa woliin deebi'ane. \p Kolbaa Israa'elii keessaa worri boojuu irraa deebi'e, laakkossi isaanii asii gad jira: \p \v 3 Sanyiin Faareshii kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama; \v 4 sanyiin Shephaaxiya'a dhibba sadii fi torbaatamii lama; \v 5 sanyiin Araa dhibba torbaa fi torbaatamii shan; \v 6 sanyii Fahat Mo'aabii keessaa sanyiin Iyaasu'uutii fi Yo'aabii kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudhanii lama; \v 7 sanyiin Elaamii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur; \v 8 sanyiin Zaatu'uu dhibba sagalii fi afurtamii shan; \v 9 sanyiin Zakaayii dhibba torbaa fi jaatama; \v 10 sanyiin Baanii dhibba jaa fi afurtamii lama; \v 11 sanyiin Bebaayii dhibba jaa fi diddamii sad; \v 12 sanyiin Azigaadii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi diddamii lama; \v 13 sanyiin Adoniiqaamii dhibba jaa fi jaatamii jaa; \v 14 sanyiin Biigwaayii kuma lamaa fi shantamii jaa; \v 15 sanyiin Aadiinii dhibba afurii fi shantamii afur; \v 16 sanyii Ateerii keessaa sanyiin Hisqiyaasii sagaltamii saddeeti; \v 17 sanyiin Bezaayii dhibba sadii fi diddamii sad; \v 18 sanyiin Yoraa dhibba tokkoo fi kudhanii lama; \v 19 sanyiin Hashumii dhibba lamaa fi diddamii sad; \v 20 Sanyiin Gibaarii sagaltamii shan; \v 21 namooti qachaa Betlihemii dhibba tokkoo fi diddamii sad; \v 22 namooti qachaa Netofa'aa shantamii jaa; \v 23 namooti Anaatotii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti; \v 24 namooti Azmaawetii afurtamii lama; \v 25 namooti qachoota Kiriiyat-Ya'ariimii, Kefiiraa fi Be'erotii dhibba torbaa fi afurtamii sad; \v 26 namooti qachaa Raama'aatii fi Gebaa dhibba jaa fi diddamii tokko; \v 27 namooti qachaa Miikmaashii dhibba tokkoo fi diddamii lama; \v 28 namooti qachaa Bet'eliitii fi Aayii dhibba lamaa fi diddamii sad; \v 29 namooti qachaa Neboo shantamii lama; \v 30 namooti qachaa Magbiishii dhibba tokkoo fi shantamii jaa; \v 31 namooti qachaa Elaamii dhibi'ii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur; \v 32 namooti qachaa Haariimii dhibba sadii fi diddama; \v 33 namooti qachaa Lodii, Haadiidiitii fi Onoo dhibba torbaa fi diddamii shan; \v 34 namooti qachaa Yeriko'oo dhibba sadii fi afurtamii shan; \v 35 namooti qachaa Sena'aa kuma sadii fi dhibba jaa fi soddoma. \p \v 36 Hayyooti boojuu irraa deebite: sanyii Yedaa'iya'aa keessaa maatiin Iyaasu'uu dhibba sagalii fi torbaatamii sad; \v 37 sanyiin Iimerii kuma tokkoo fi shantamii lama; \v 38 sanyiin Phashihurii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba; \v 39 sanyiin Haariimii kuma tokkoo fi kudhanii torba. \m \v 40 Lewwooti boojuu irraa deebi'ane: sanyii Hodaawiyaa keessaa sanyiin Iyaasu'uutii fi Qadmii'elii torbaatamii afur; \v 41 faarsitooti: sanyiin Asaafii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti; \v 42 Eeddoti karra Galma Waaqaa: sanyiin Shaalumii, sanyiin Ateerii, sanyiin Xalmoonii, sanyiin Aquubii, sanyiin Haxiixa'aatii fi sanyiin Shabaayii wolumatti dhibba tokkoo fi soddomii sagal. \p \v 43 Tajaajiltooti Galma Waaqaa ta boojuu irraa deebite: sanyii Ziihaa, sanyii Hasufaa, sanyii Xabaa'otii, \v 44 sanyii Qerosii, sanyii Sii'eha'aa, sanyii Faadonii, \v 45 sanyii Lebaana'aa, sanyii Hagaaba'aa, sanyii Aquubii, \v 46 sanyii Hagaabii, sanyii Shalmaayii, sanyii Haanaanii, \v 47 sanyii Giidelii, sanyii Gahaarii, sanyii Re'aaya'aa, \v 48 sanyii Resiinii, sanyii Neqoda'aa, sanyii Gaazaamii, \v 49 sanyii Uza'aa, sanyii Faaseha'aa, sanyii Besaayii, \v 50 sanyii Asina'aa, sanyii Me'unoota'aa, sanyii Nefusiimii, \v 51 sanyii Baqbuqii, sanyii Haqufa'aa, sanyii Harhurii, \v 52 sanyii Baslutii, sanyii Mehiida'aa, sanyii Harisha'aa, \v 53 sanyii Baarqosii, sanyii Siisera'aa, sanyii Taamaa, \v 54 sanyii Nesiiya'aatii fi sanyii Haxiifa'aa ti. \v 55 Sanyiin tajaajiltoota Solomoonii ta boojuu irraa deebite: sanyii Soxaayii, sanyii Hasoferetii, sanyii Faruda'aa, \v 56 sanyii Ya'ala'aa, sanyii Daarqonii, sanyii Giidelii, \v 57 sanyii Shefaaxiya'aa, sanyii Haxiilii, sanyii Fokeretii, sanyii Hasbaayimiitii fi Amii ti. \p \v 58 Sanyiin tajaajiltoota Galma Waaqaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii wolumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama. \p \v 59 Worri qachaa Tel-Melaatii, worri qachaa Tel-haareshaatii, worri qachaa Keruubii, worri qachaa Adaaniitii fi Iimeriitii bayanee dhufane, sanyiin isaanii Israa'eloota akka teete mirkaneessiisa hin dandeenne. \v 60 Isaanille sanyiin Delaaya'aa, sanyiin Xobiiya'aatii fi sanyiin Neqoda'aa dhibba jaa fi shantamii lama. \p \v 61 Hayyoota keessaa, sanyii Habaaya'aa, sanyii Haqoziitii fi sanyii Baarzilaayii ti; Berziilaayi intala Baarzilaayii Giil'aadichaa fuudhee maqaa kanaan waamame. \v 62 Isaan kun worra akka hidda dhaloota isaaniititti barreeffamane keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef, akka battootaatitti laakkowamanee, tajaajila hayyumma'aa irraa dhooggamane. \v 63 Bulchaan biyyaa, haga hayyichi Uriimii fi Tumiimiin fedha Waaqaa gaafatiisa dande'u dhaggamutti, sagalee irraa caalaa woyyittii akka hin nyaanne isaan ajaje. \p \v 64 Laakkossi namoota boojuu irraa deebi'anee wolumatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama; \v 65 kana maleelle tajaajiltooti isaanii dhiiraa fi dubartiin kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; faarsitooti isaanii dhiiraa fi dubartiin dhibba lama; \v 66 Fardoon isaanii dhibba torbaa fi soddomii jaa; Gaangoleen isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan; \v 67 Gaaloti isaanii dhibba afurii fi soddomii shan; Harreeleen isaanii kuma jaa fi dhibba torbaa fi diddama. \p \v 68 Worri boojuu irraa deebi'e Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa yennaa geyane, sooreyyiin maati'ii gariin Galmi Waaqaa addee duriititti deebi'ee akka ijaaramu qarqaariisaaf, fedhii ifiitiin kennansa kennane. \v 69 Isaan hujii Galma Waaqaatiif, akka dandeettii isaaniititti wolumatti worqii gara kiiloogiraama dhibba shanii, meetii gara kiiloogiraama kuma sadiitii fi woyaa hayyooti uffattu dhibba tokko kennane. \p \v 70 Hayyooti, Lewwooti, namooti dhibiille, faarsitooti, eeddoti karraatii fi tajaajiltooti Galma Waaqaa qachoota ifii keessa qubatane. Israa'elooti hafanelle qachootuma ifii keessa qubatane. \c 3 \s1 Addeen Ciinca'aa Deebitee Ijaarante \p \v 1 Israa'elooti qachoota ifiititti galanee, ji'i torbeesso'oo yennaa geye, kolbaan marti Yerusaalem keessatti wolitti qabante. \v 2 Achiin duuba ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, hayyooti akka isaa, Zarubaabeliin ilmi She'altii'eliitii fi obboleeyyan isaa, akkuma seera Muusee nama Waaqaa keessatti barreenfatte, kennansa gubamu irratti dhikeessiisaaf, addee ciinca'aa ta Waaqa Israa'elii ijaariisa jalqabane. \v 3 Isaan kolbaa adaala sanii waan sodaataneef, addee ciinca'aa san hundee isi'ii ta durii irratti deebisanee ijaaranee, kennansa gubamu addee ciinca'aa san irratti ganamaa fi galgala Mootii Waan Maraatiif dhikeessane. \v 4 Achiin duuba kennansa gubamu ka guyyaa guyya'aaf barbaachisu dhikeessiisaan, akkuma laakkossa barreeffameetitti jila gose'ee jilifatane. \v 5 Kanaan duuballe kennansa gubamu ka guyyaa maraa, ciincaa baatii ji'aa, ciincaa jila woyyittii Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu fi kennansa fedhii ifiitiin nami Mootii Waan Maraatiif kennulle dhikeessane. \v 6 Hundeen Galma Waaqaa keyamuu dhaddulle, isaan ji'a torbeesso'ootitti guyyaa qaraa ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisa jalqabane. \s1 Galmi Waaqaa Deebi'ee Ijaarame \p \v 7 Kolbaan worra dhakaa bocuu fi worra muka bocuufiille beesee kennite; akkasuma akka ajaja Qiirosii mooticha Faaresiititti jigeessa hindheensa Libaanosii haga Yophe'eetitti abbaayaa irra akka fidanuuf, namoota Sidooniitii fi Xiiroosiitiifille sagalee, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa kennane. \v 8 Gara Yerusaalemii addee Galmi Waaqaa dur jiru sanitti deebi'anee woggaa lammeesso'oo, ji'a lammeesso'ootitti, ilmi She'altii'elii Zerubaabel, ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, kolbaan dhibiille, hayyootii fi Lewwooti, worri boojuu irraa gara Yerusaalemii deebi'e martinuu hujii jalqabane. Hujii ijaarsa Galma Waaqaa irra deddeemanee akka toowatanu, Lewwoota woggaa diddamaatii fi woggaa diddamaa olii mara filatane. \v 9 Iyaasuun ilmaan ifiitii fi obboleeyyan ifii, Qadmii'elii fi ilmaan Qadmii'elii ta sanyii Hodaawiya'aa, ilmaan Henaadaadiitii fi ilmaan isaanii, obboleeyyan isaaniille woliin, Lewwooti marti worra Galma Waaqaa ijaaru toowatiisaaf wolitti dabalamanee itti gaafatamummaa fudhatane. \p \v 10 Worri ijaaru hundee Galma Mootii Waan Maraa yennaa keyane, akkuma mootichi Israa'elii Daawiti ajajetti, hayyooti woyaa hayyummaa ifii uffatanee, tultullaalle qabatanee, Lewwooti ilmaan Asaafii sibiila qilillisu qabatanee, Waaqa leellifatiisaaf, addee addee ifii qabatane. \v 11 Isaan faaru'uun, \q1 «Waaqi dansa'a; \q2 jaalalli isaa ka bara baraa \q2 ka inni Israa'eliif qabu \q2 haga bara baraa ti» jedhanee, \q2 Mootii Waan Maraa leellifatanee galateeffatane. \m Hundeen Galma Mootii Waan Maraa waan dhaabateef, kolbaan marti gammaddee, qoonqoo ifii ol qabattee Mootii Waan Maraa leellifatte. \v 12 Maanguddooti hayyootaa, Lewwootaatii fi sooreyyiin maati'ii worri Galma Mootii Waan Maraa ka durii dhagganeeranu marti, yennaa hundee Galma Mootii Waan Maraa kana dhaggane, qoonqoo guddo'oon bowane; namooti dhibiin hedduun ammoo qoonqoo ifii ol qabatanee gammadaan ilillisane. \v 13 Namooti qoonqoo guddisanee ol qabatanee waan hogisaneef, nami tokkolle ililleettii gammadaatii fi qoonqoo bowiisaa dande'ee gargar hin baafanne. Qoonqoolle fago'otti dhage'ante. \c 4 \s1 Mormii Deebifamee Ijaaramiisa Galma Waaqaa Irratti Kaate \p \v 1 Worri boojuu irraa deebi'e, Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii ijaariisatti akka jiranu, diinoti Yihuda'aatii fi Beniyaaminii yennaa dhage'ane, \v 2 gara Zerubaabeliitii fi sooreyyii maati'ii dhaqanee, «Nuutille akkuma keessan Waaqa keessan waaqonsuu barbaanna; haga bara Esaar-hadon mootiin biyya Asoorii as nu fidee jalqannee, Waaqa keessaniif ciincaa dhikeessaa turre; tanaaf, Galma Waaqaa isin woliin ijaaruu ti» jedhane. \p \v 3 Zerubaabel, Iyaasu'uu fi sooreyyiin maatii Israa'elii ammoo deebisanee, «Isin Galma Waaqa keennaa nu woliin ijaariisaaf qooda hin qaddanu; akkuma mootichi Faaresii Qiiros nu ajaje, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galmaa Waaqaa ka ijaaru nu qofa» jedhane. \p \v 4 Achiin duuba kolbaan lafa san keessa leetu, Yihudoota addii kutachiisanee akka isaan Galma Waaqaa hin ijaarre sodaachisane. \v 5 Bara bulchiinsa mootii Faaresii Qiirosiitiin jalqabee haga bulchiinsa mootii Faaresii Daariyosiititti, namoota karoora ijaarsa isaanii gufachiisu itti bitane. \p \v 6 Jalqaba bulchiinsa Ahashiwerosiititti, diinoti kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mormiisaaf himannoo barreessane. \p \v 7 Bara bulchiinsa mootii Faaresii Artashaastaatitti Biishlaam, Miitradaat, Xaabe'elii fi worri isaan woliin jiru gara Artashaasta'aa xalayaa barreessane; xalayaan sun qubee Aaramiitiin barreeffamee afaan Aaramiititti hiikame. \p \v 8 Bulchaan Rehuumii fi barreessaan bulcha'aa Shiimshaay akka asii gad jirutti xalayaa Yerusaalem mormu gara mooticha Artashaasta'aa barreessane: \p \v 9 Xalayaan sun bulchaa Rehuum, barreessaa bulcha'aa Shiimshaay, worra isaan woliin huju abbootii mura'aatii fi qondaaltota, Faaresii, Erekii, Baabiloniitii fi worra Elaamii ka Suusaa keessaa, \v 10 akkasuma kolbaa worra dhibii ka Osnaapheriin guddichii fi hunnaamessi booji'ee qachaa Samaariya'aatii fi kutaa biyyaa ka laga Efraaxiisiitiin gama qubachiise irraa barreeffame. \v 11 Garagalchi xalayaa kanaa: \p «Tajaajiltoota teeti worra laga Efraaxiisiitiin gara seensa adu'uu jiru irraa, mooticha Artashaasta'aaf! \v 12 Yihudooti si biraa gara keenna dhufane, Yerusaalem dhaqanee qachaa worra finqila'aatii fi hama'aa deebisanee ijaariisatti jiran; dalleya isi'ii deebisanee ijaariisatti, hundee isi'iille dhaabiisatti jiran. Kun si mooticha biratti beekkamuu ti. \v 13 Qachaan kun yoo ijaarame, dalleenni isaalle yoo deebi'ee ijaarame, kolbaan Yerusaalemii gibiraa fi qaraxa, beesee waan adda addaatiif baasanu hin dhooggatan; tanaaf galiin mootumma'aa akka diqqaattu, si mooticha biratti beekkamuu ti. \v 14 Nuuti bu'aa mana mootumma'aa irraa waan dhagganuuf, salphinna keeti dhaggaa cadhinnee ilaaluu waan hin barbaanneef, waan kana akka ati beettuuf xalayaa kana sitti ergine. \v 15 Maarre galmeen abbootii teetii ta durii, qorqorantee ilaalantuu ti; qachaan kun qachaa finqilaa, ka moototaa fi kutaa biyyaa rakkise; durumaa jalqabee addee worri finqilaan keessa le'u akka te'e atinuu hin dhaggita; qachaan kun sababa kanaaf bade. \v 16 Qachaan kun yoo ijaarame, dalleenni isaalle deebi'ee yoo ijaarame, ati laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuun lafa ijjumaa akka hin qabaanne beeki» ka jedhu. \p \v 17 Mootichi Artashaastaan deebii ergee, «Bulchaa Rehuumiif, barreessaa Shiimshaayiif, worra isaan woliin huju ka Samaariyaa keessa le'anuu fi akkasuma worra laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu le'anuuf, nageenni isiniif te'u. \p \v 18 «Xalayaan isin ergitane hiikamee na duratti dubbifameera; \v 19 anille akka qorqoranu isaan ajajee, qachaan Yerusaalemii duriinuu jalqabee dabarsii dheertuu ka mootota irratti finqila kaasu, ka finqillii fi rakkinni keessa guute akka te'e dhaggeera. \v 20 Yerusaalem mootota jajjaba biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jiranu bulchu ka gibira, qaraxaa fi beesee waan adda addaatiif buusanu guuru qaddiiyyu. \v 21 Tanaaf, haga ani ajajutti, qachaan kun deebi'ee akka hin ijaaranne, namooti hujii akka dhaabbachiisanu ajaja'a. \v 22 Waan kana akka waan kaso'oo akka hin ilaalle ifi eeggadha'a! Wonni mootummaa miidhu, maaf guddataa deema ree?» jedhe. \p \v 23 Akkuma yaadi xalayaa mooticha Artashaastaa irraa dhufe, Rehuum, barreessaa Shiimshaayii fi worra isaan woliin hujuuf dubbifameen, yoosuma gara Yihudoota Yerusaalem keessa jiranuu dhaqanee, hunnaan hujii dhaabbachiisane. \p \v 24 Maarre Daariyos mootii Faaresii te'ee haga woggaa lammeesso'ootitti, hujiin Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa dhaabbate. \c 5 \s1 Xalayaa Taatenaay Daariyosiif Erge \p \v 1 Yennaa san raagichi Haage'ee fi Zakaariyaasiin raagichi sanyii Iddoo Yihudoota Yerusaalemii fi lafa Yihuda'aa le'anuuf, maqaa Waaqa Israa'eliitiin raaga dubbatane. \v 2 Achiin duuba ilmi She'altii'elii Zerubaabelii fi ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa deebisanee ijaariisa jalqabane; raagoti Waaqaalle isaan qarqaariisaaf isaan woliin jiraniiyyu. \v 3 Yennaa san Taatenaay bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaayii fi worri isaan woliin huju dhufanee, «Galma Waaqaa kana akka deebittanee ijaartanuuf, dalleya kanalle akka ijaartanee fixxanu eennutti isin ajaje» jedhanee isaan gaafatane. \v 4 Isaan, «Maqaa namoota ijaarsa kana ijaariisatti jiranuu eennu fa'a» jedhanee gaafatane. \v 5 Ammoo Waaqi isaanii maanguddoo sooreyyii Yihudootaa eegiisatti jiraayyu; dubbiin Daariyos bira geettee deebiin barreeffamaan haga deebitutti ijaariisa isaan hin dhooggine. \v 6 Garagalchi Xalayaa Taatenaayii bulchaa kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaayii fi worra isaan woliin hujuu, ka laga Efraaxiisiitiin gama gara aduun seentu biraa gara Daariyosii ergame kana: \v 7 «Mooticha Daariyos, nageenni si'iif te'u! \v 8 Nuuti gara kutaa biyya Yihuda'aa, gara Galma Waaqa gudda'aa akka dhandhe si mooticha biratti beekkamuu ti; kolbaan Galma Waaqaa keessa dhakaa gugurda'aa fi xawulaa mukaatiin dhaaba Galma Waaqaa deebittee ariiti'iin jabaattee ijaariisatti jirti. \p \v 9 «Nuutille, ‹Galma Waaqaa kana akka deebittanee ijaartanuuf, dhaaba Galma Waaqaa kanalle akka ijaartanee fixxanu eennutti isin ajaje?› jennee sooreyyii kolba'aa gaafanne. \v 10 Nuuti ammalle sooreyyiin hujii tanaa eennu fa'a akka te'ane barreessinee sitti beessisiisaaf, maqaa isaanii gaafanne. \p \v 11 «Isaanille deebisanee, ‹Nuuti tajaajiltoota Waaqa ol-gubba'aatii fi lafaa ti; Galma Waaqaa ka mootiin Israa'elii guddaan bara heddu'uun dura ijaaree fixe deebinnee ijaariisatti jirra. \v 12 Abbootiin teenna ta durii ammoo Waaqa ol-gubba'aa waan mufachiitteef, innille nama biyya Kaldootaa mootii Baabilonii Nebukadnezaaritti dabarsee isaan kenne; innille Galma Waaqaa diigee, kolbaalle gara Baabilonii booji'e. \v 13 Te'uu malee, Qiiros mootii Baabilonii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti Galmi Waaqaa kun akka deebi'ee ijaaramuuf ajaje. \v 14 Inni meya worqi'iitii fi meeti'ii ka Galma Waaqaa, ka Nebukadnezaar Galma Waaqaa Yerusaalem keessa jiru keessaa fuudhee, galma waaqota dharaa ka worra Baabilonii keessa keyeeru, gad baase; achiin duuba meya san namicha akka inni biyya Yihuda'aa bulchuuf filate, Sheshbazaaritti kenne. \v 15 Qiiros: Galmi Waaqaa Yerusaalem keessatti addee ifii ta duriititti deebifamee ijaaramuu ti. Atille meya kana fuudhiitii Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaatitti deebisi! jedhee isatti hime. \v 16 Maarre Sheshbazaariin kun dhufee hundee Galma Waaqaa Yerusaalem keessatti dhaabe; yennaa sanii jalqabee haga ammaatitti ijaaramiisatti jira; haga ammaa ammoo hin hobbaane› jedhane. \p \v 17 «Amma yoo si mooticha gammachiitte, Galmi Waaqaa kun Yerusaalem keessatti deebifamee akka ijaaramuuf, mooticha Qiiros irraa ajaji bayee yoo jiraate, galmeen mana meya mootumma'aa ka Baabilon keessaa ilaalantuu ti! Waan dubbii tanaa murtee teeti nuuf ergi» ka jedhu. \c 6 \s1 Ajaja Daariyosii \p \v 1 Maarre mootichi Daariyos galmee mana meya mootummaa Baabilonii keessaa akka qorqoranu ajaje. \v 2 Kitaab maramaan tokko kutaa biyyaa Medoon keessatti mana mootumma'aa qachaa Ahimaata'aatitti dhaggame; wonni isa keessatti barreeffameeru asii gad jirti: Gabaassi barreeffamaa: \p \v 3 «Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti marroo Galma Waaqaa ka dur Yerusaalem keessa jiruutiif ajaja baasee, ‹Galmi Waaqaa akka ciincaan itti ciinceffamuuf, deebifamee akka ijaaramu hundeen isaa keyamuu ti; dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaalle ciqilee jaatama te'uu ti. \v 4 Tarreen sad dhakaa gugurda'aan naqamee, tarreen tokko xawulaan naqamee ijaaramuu ti! Gatiin isaalle beesee mana mootumma'aa keessaa kaffalamuu ti. \v 5 Akkasuma meya worqi'iitii fi meeti'ii ka Nebukadnezaar Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessaa fuudhee gara biyya Baabiloniititti geesse, addee isaaniititti deebifamanuu ti; Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessa keyamanuu ti› jedheera» ka jedhu. \p \v 6 Achiin duuba Daariyos, «Taatenaay bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaay, isin worri isaan woliin hujjanulle, Galma Waaqaa san irraa fagaadha'a! \v 7 Hujii Galma Waaqaa keessa hin galina'a! Galma Waaqaa kana bulchaan Yihudootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa addee inni dur jirutti deebisanee ijaaranuu ti. \v 8 Kana maleelle, deebisanee ijaariisa Galma Waaqaa kanaaf jaarsolee Yihudootaa tanaaf isin maan akka gootanu isin ajaja; hujiin Galma Waaqaa akka hin dhaabbanne, beesee worri kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jiru, mootumma'aaf gibira gabbare keessaa, ariiti'iin wonni isaaniif barbaachisu guutumatti isaaniif kaffalamuu ti! \v 9 Waaqa ol-gubba'aatiif kennansa gubamu dhikeessiisaaf, waan barbaachisu mara dardaroota, korbeeyyii hoole'ee, yookiin korbeeyyii buruusoo hoole'ee akkasuma qamadii, soodda, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa guyyuma guyya'aan hayyoota Yerusaalemiitiif kennamanuu ti. \v 10 Isaan ciincaa Waaqi ol-gubba'aa gammadaan fudhatu dhikeessanee, anaa fi jiruu ijoollee tiyyaatiif akka daadimatanuuf kun godhama. \v 11 Ajaja kana nami jijjiiru yoo jiraate, utubaan mana isaa keessaa buqqifamee, nami sun irratti dirmisiifamuu ti; sababa yakkaa isaatiif manni isaalle diigamee tuulaa kosi'ii akka te'u ani ajajeera. \v 12 Mootota yookiin gosa biyya adda addaa ta ajaja kana jijjiiriisaaf yookiin mana Waaqaa ka Yerusaalem keessaa kana diigiisaaf wodhaananu, Waaqi Yerusaalem lafa maqaan isaa itti waamamu godhee filate, isaan garagalchuu ti! Ani Daariyos ajaja kana baaseera; ajaji kunille akkuma jirutti hujii irra ooluu ti» jedhe. \s1 Galmi Waaqaa Eebbifame \p \v 13 Achiin duuba akkuma mootichi Daariyos ajaja dabarsetti Taatenaay bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaayii fi worri isaan woliin huju waan mara hobbaasane. \v 14 Maarre Jaarsoleen Yihudootaa raaga raagicha Haage'eetii fi raagicha Zakaariyaasii sanyii Iddootiin jajjabaataa Galma Waaqaa ijaariisa itti fufane; isaan akkuma ajaja Waaqa Israa'eliitii fi akkuma ajaja mootota Faaresii Qiiros, Daariyosii fi Artashaasta'aatitti hujii Galma Waaqaa hobbaasane. \v 15 Galmi Waaqaa kun Daariyos mootii te'ee woggaa jayeesso'ootitti, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa sadeesso'ootitti ijaaramee hobba'e. \p \v 16 Achiin duuba kolbaan Israa'elii, hayyooti, Lewwootii fi worri kuun ka boojuu irraa deebi'ane, guyyaa Galmi Waaqaa itti eebbifame gammada gudda'aan jilifatane. \v 17 Isaan eebba Galma Waaqaa kanaaf jiboota dhibba tokko, korbeeyyii hoole'ee dhibba lama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee dhibba afur, ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatuufille Israa'el duudi'iif, akka laakkossa gosa Israa'eliititti korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama dhikeessane. \v 18 Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffame hayyoota akkuma qooda isaaniititti, Lewwootalle akkuma golii isaaniititti, Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessatti, tajaajila Waaqaatiif ramadane. \s1 Jila Irra Dabaramaa \p \v 19 Worri boojuu irraa deebi'e, ji'a tokkeesso'oo, guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti Jila Irra Dabaramaa jilifatane. \v 20 Hayyootii fi Lewwooti ifi qulqulleeffatane; isaan martinuu akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqullowane. Maarre Lewwooti worra boojuu irraa deebi'eef, hayyoota obboleeyyan ifiitiif, ifille'eef hoolee Irraa Dabaramaa qalane. \v 21 Maarre sagalee Jila Irra Dabaramaa san Israa'elooti boojuu irraa deebi'ane, worra Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii waaqonfatiisaaf battummaa worra Yihudoota hin te'inii ka lafa san jiranu irraa addaan ifi baasane mara woliin nyaatane. \v 22 Akka inni hujii Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii isaan qarqaaruuf, Mootiin Waan Maraa gadhaa mooticha Asoorii gara isaanii deebisee, waan isaan gammachiiseef, jila daabboo uukoo hin qannee guyyaa torba gammada gudda'aan jilifatane. \c 7 \s1 Izraan Gara Yerusaalemii Dhufe \p \v 1 Waan kanaan duuba bara bulchiinsa Artashaastaa mootii Faaresii, Izraan ilmi Seraaya'aa, Seraayaa ilma Azaariya'aa, Azaariyaa ilma Hilqiiya'aa, \v 2 Hilqiiyaa ilma Shaalumii, Shaalumii ilma Zaadoqii, Zaadoqii ilma Ahiixubii, \v 3 Ahiixubii ilma Amaariya'aa, Amaariyaa ilma Azaariya'aa, Azaariyaa ilma Meraayootii, \v 4 Meraayootii ilma Zeraaya'aa, Zeraayaa ilma Uzii, Uzii ilma Bukii, \v 5 Bukii ilma Abiishuwaa, Abiishuwaa ilma Fiineshaasii, Fiineshaasii ilma Ele'azaarii, Ele'azaarii ilma hayyicha guddaa Aaronii, \v 6 Baabilon irraa gara Yerusaalemii dhufe; inni beekkicha seera Mootii Waan Maraa Waaqi Israa'elii Muuse'eef kenne akka dansaa ka beeku barsiisaa seeraa ti. Hunni Mootii Waan Maraa Waaqa isaa waan isa woliin jirtuuf, waan inni gaafate mara mootichi isaaf kenne. \v 7 Artashaastaan mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti Izraan Israa'eloota garii, hayyoota garii, Lewwoota garii, faarfattoota garii, worra karra eegu gari'ii fi worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanu garii woliin Yerusaalem dhaqiisaaf ka'e. \v 8 Artashaastaan mootii te'ee ji'a shaneesso'ootitti Izraan Yerusaalem geye. \v 9 Hunni Waaqaa dansaan isa woliin waan jirtuuf, ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti Baabilonii ka'ee, ji'a shaneesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti Yerusaalem geye. \v 10 Izraan seera Waaqaa qorqoree hujii irra oolchiisaaf, akkasuma ajaja Waaqaa, seeraa fi sirna Waaqaa kolbaa Israa'elii duudii barsiisiisaaf jiruu ifii duudii kenneera. \s1 Mootichi Artashaastaan Xalayaa Izra'aaf kenne \p \v 11 Garagalchi xalayaa mootichi Artashaastaan, Izraa hayyicha barsiisaa, ka ajajaa fi seera Mootiin Waan Maraa Israa'elootaaf kenne mara beekuuf kenne asii gad jira: \v 12 garagalchi xalayaa kanaa, «Artashaastaa mootii moototaa irraa, gara Izraa hayyicha barsiisaa seera Waaqa ol-gubba'aa ka te'eef; nageenni si'iif te'u! \v 13 Israa'elooti mootummaa tiyya keessa jiranu, hayyootii fi Lewwooti worri si woliin gara Yerusaalemii deemiisa barbaadanu marti akka deemanu ajajeera. \v 14 Akka ajaja Waaqa keetii ka harka keeti jiruutitti, marroo Yihuda'aatii fi marroo Yerusaalemii akka qorqortuuf ani mootichii fi gorsitooti tiyya torba si ergineerra. \v 15 Kana maleelle, ati meeti'ii fi worqii ani mootichii fi gorsitooti tiyya fedha keennaan Waaqa Israa'elii, ka Galmi isaa Yerusaalem keessa jiruuf kennine, \v 16 meeti'ii fi worqii kutaa biyya Baabilonii keessaa dhaggattu maralle, kennansa kolbaan Israa'eliitii fi hayyooti fedha ifiitiin Galma Waaqa ifii ka Yerusaalem keessa jiruuf kennitu mara fuudhii deemi. \v 17 Beesee tanaan dardaroota, korbeeyyii hoole'ee, buruusoo korbeeyyii hoole'ee, kennaa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii bitiitii addee ciinca'aa ta Galma Waaqa keetii ka Yerusaalem keessaa irratti ciincaa dhikeessi. \v 18 Meeti'ii fi worqii hafaneen, atii fi obboleeyyan teeti Yihudooti akka fedha Waaqa keessanii waan isin gammachiise huja'a. \v 19 Galma Waaqa keetii keessatti akka ittiin tajaajilamu meya sitti kenname maraayyuu Waaqa Yerusaalem jiruuf dhikeessi. \v 20 Kana maleelle waan Galma Waaqa keetiitiif barbaachisu maraaf, mana meya mootumma'aa keessaa baafadhu. \p \v 21 «Izraan hayyichi, beekkichi seera Waaqa ol-gubba'aa waan isin gaafate, akka isaaf kennitanu, ani Artashaastaan mootichi, itti gaafatantoota mana meya mootumma'aa worra laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jirtanu mara ajajeera. \v 22 Kunille meetii haga kiiloo kuma sadii fi dhibba afurii, qamadii haga kiiloo kuma kudhanii, daadhii woyni'ii haga litirii kuma lamaa, zayitii ejersaa haga litirii kuma lamaatii fi soodda haga barbaachise kenna'aaf. \v 23 Wonni Waaqi ol-gubba'aa ajaje marti, ifi eegganna'aan Galma Waaqa ol-gubba'aatiif godhamuu ti! Ana mootichaa fi ijoollee tiyyatti mufiin maaf dhutti ree? \v 24 Akkasuma isin hayyootatti, Lewwootatti, faarfattootatti, eeddota karraatitti, tajaajiltoota Galma Waaqaa yookiin worra Galma Waaqaa keessa huju irratti gibira, qaraxaa fi beesee waan adda addaatiif baasanu itti buusuu baallii akka hin qanne beeka'a. \v 25 Atille Izraan, qarummaa Waaqi sii kenneen, kolbaa laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jirtu mara akka bulchanuuf, abbootii seeraatii fi abbootii mura'aa ka seera Waaqa keetii beekanu filiif! Worra seera hin beenne atinuu barsiisi! \v 26 Seera Waaqa keetiitii fi seera mootumma'aatiifiille ka hin ajajanne marti du'aan yookiin biyyaa baafamiisaan yookiin saamamiisaan yookiin hidhamiisaan adabamuu ti!» ka jedhu. \s1 Izraan Waaqa Leellise \p \v 27 Izraan, «Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiruuf, akka inni ulfinna kennu, yaada kana ka gadhaa mootichaa keessa keye, Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teennaa leellifamuu ti! \v 28 Inni mooticha, gorsitoota mootichaatii fi qondaaltota mootichaa hunnaameyyii mara duratti, fudhatama akka dhaggadhu na godheera; hunni Mootiin Waan Maraa Waaqa kiyyaa waan na woliin jiraatteef, jajjabaadhee, sooreyyii Israa'elii na woliin akka ol deemanu wolitti qabadhe» jedhe. \c 8 \s1 Sooressitoota Izraa Woliin Boojuu Irraa Deebi'ane \p \v 1 Bara bulchiinsa mooticha Artashaasta'aa sooressitooti maati'ii ka ana Izraa woliin Baabilon keessaa bayanee fi ka isaan woliin galmowane ka asii gadi jiranu: \v 2 sanyii Fiinehaasii keessaa, Gerishoom; sanyii Itaamaarii keessaa, Daani'el; sanyii Daawitii keessaa, Haxushi \v 3 sanyii Shekaaniya'aa ti; sanyii Faaroshii keessaa, Zakaariyaas; isa woliin dhiira dhibba tokkoo fi shantamatti galmeeffame. \v 4 Sanyii Phaahat-Mo'aabii keessaa, Elyo'enaayii ilma Saraaya'aa ti; isa woliin dhiira dhibba lamatti galmeeffame. \v 5 Sanyii Zaatu'uu keessaa, Shekaaniyaa ilma Yehaazii'elii ti; isa woliin dhiira dhibba saditti galmeeffame. \v 6 Sanyii Aadiinii keessaa, Ebeedii ilma Yonaataanii ti; isa woliin dhiira shantamatti galmeeffame. \v 7 Sanyii Elaamii keessaa, Yeshaa'iyaa ilma Ataaliya'aa ti; isa woliin dhiira torbaatamatti galmeeffame. \v 8 Sanyii Shefaaxiya'aa keessaa, Zebaadiyaa ilma Mikaa'elii ti; isa woliin dhiira saddeettamatti galmeeffame. \v 9 Sanyii Yo'aabii keessaa, Obaadiyaa ilma Yehii'elii ti; isa woliin dhiira dhibba lamaa fi kudhanii saddeetitti galmeeffame. \v 10 Sanyii Baanii keessaa, Shelomiitii ilma Yosiifiya'aa ti; isa woliin dhiira dhibbaa fi jaatamatti galmeeffame. \v 11 Sanyii Bebaayii keessaa, Zakaariyaasii ilma Bebaayii ti; isa woliin dhiira diddamii saddeetitti galmeeffame. \v 12 Sanyii Azigaadii keessaa, Yohaannaanii ilma Haqaaxanii ti; isa woliin dhiira dhibbaa fi kudhanitti galmeeffame. \v 13 Sanyii Adoniiqaamii keessaa, worri duuba irra dhufane Eliifelex, Ye'ii'elii fi Shemaa'iya'a; isaan woliin dhiira jaatamatti galmeeffame. \v 14 Sanyii Biigbaayii keessaa, Utaayii fi Zaakur; isaan woliin dhiira torbaatamatti galmeeffame. \s1 Tajaajiltoota Galma Waaqaa \p \v 15 Ani Izraan laga gara qachaa Ahawaatitti yaa'u biratti isaan wolitti qabee, addee quttumaa san guyyaa sad turre. Ani kolba'aa fi hayyoota yennaa toowadhe, Lewwoota achitti hin dhaggine. \v 16 Tanaaf sooreyyii Elii'ezer, Arii'el, Shemaa'iyaa, Elnaataan, Yaariib, Elnaataan, Naataan, Zakaariyaasii fi Meshulaam akkasuma worra qaroolee Yoyaariibii fi Elnaataan waansisee, \v 17 isaanille dhaqanee worra Galma Waaqa keennaa keessa tajaajilu akka nuu fidanuuf, gara Iddoo sooressaa kolbaa lafa Kasiifa'aatii fi gara obboleeyyan isaa worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanuu isaan erge. \v 18 Hunni Waaqaa guddoon nu woliin waan jirtuuf, isaan sanyii Mahaalii sanyii Lewwii ilma Israa'elii ka te'e nama hubataa «Sherebiiyaa» jedhamu tokko ilmaan isaatii fi obboleeyyan isaa woliin dhiira kudhanii saddeeti gara keenna fidane; \v 19 ammalle isaan Hashabiiya'aa fi sanyii Meraarii keessaa Yeshaa'iyaa, isa woliin obboleeyyan isaatii fi ilmaan isaanii diddama, \v 20 kana maleelle, worra Daawitii fi qondaaltoti biyyaa, Lewwoota akka gargaaranuuf kennane keessaa, tajaajiltoota Galma Waaqaa dhibba lamaa fi diddama fidane. Isaan marti maquma maqa'aan galmeeffamane. \p \v 21 Waaqi deemmaa teenna akka nageessu, nu'uu fi ijoollee teenna, akkasuma karra teenna mara akka nuu eegu, isa duratti gad ifi qannee isa gaafatiisaaf, laga qachaa Ahawa'aa biratti laama lasse. \v 22 Nuuti mootichaan, «Hunni Waaqa keennaa worra isa barbaadatu woliin jirti; worra isa lakkisu mara irratti ammoo mufiin itti hin buuti» jennee waan itti hinneerruuf, karaa irratti diinota keenna akka nu irraa eeganuuf, loltootaa fi abbootii fardo'oo mooticha kadhatuu fokkifadhe. \v 23 Maarre nuuti laamiisaan marroo waan kanaa Waaqa keenna daadimanne; innille daadimata keenna dhage'e. \s1 Kennansa Galma Waaqaatiif Kenname \p \v 24 Achiin duuba ani sooreyyii hayyootaa keessaa Sherebiiya'aa fi Hashabiiyaa hayyoota akka isaanii kudhan woliin wolumatti sooressitoota hayyootaa kudhanii lama file. \v 25 Meetii, worqi'ii fi meya adda addaa ka mootichi, gorsitooti isaa, qondaaltoti isaatii fi Israa'elooti achi jiranu martinuu Galma Waaqaatiif kennanelle madaalee hayyoota sanitti kenne. \v 26 Wonni ani madaalee isaanitti kenne: meetii gara kiiloogiraama kuma diddamaa fi kuma lama, meya meetii irraa hujame dhibba tokko ka gara kiiloogiraama torbaatamaa madaalu, worqii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afur, \v 27 qorii worqii irraa hujante diddama, ta gara kiiloo saddeetii fi giraama dhibba afur madaaltu; akkasuma meya dansaa ka akka worqii gatii guddo'oo, ka sageettuu calalaxxuu irraa hujame lama. \v 28 Ani hayyootaan, «Isinii fi mey kun Waaqaaf woyyoontaneertan; meeti'ii fi worqiin kennaa namooti fedha ifiitiin Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessaniitiif kennane. \v 29 Meya kana kolloo Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessatti, sooreyyii hayyootaa, ka Lewwootaa fi ka abbootii maatii kolbaa Israa'elii duratti haga madaaltanutti miidhassa'aa eega'a!» jedheen. \v 30 Achiin duuba hayyooti fi Lewwooti meetii, worqi'ii fi meya woyyicha Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jirutti geessiisaaf madaalame fuudhane. \s1 Gara Yerusaalemii Deebi'iisa \p \v 31 Nuuti Yerusaalem dhaqiisaaf ji'a jalqabaa, guyyaa kudhanii lammeesso'ootitti laga qachaa Ahawa'aa biraa kaane. Hunni Waaqa keennaa nu woliin waan jirtuuf, inni diinota keennaa fi worra karaa irratti riphee nu eegu irraa nu eege. \v 32 Maarre nuuti Yerusaalem geennee, guyyaa sad achitti foorfanne. \v 33 Guyyaa arfeesso'ootitti gara Galma Waaqa keennaa dhandhee meetiin, worqi'ii fi mey woyyichi madaalamee, ilma Uriiya'aa hayyicha Meremootitti kennamane; ilmi Fiineshaasii Ele'azaarii fi Lewwooti ilmi Iyaasu'uu Yozaabaadiinii fi ilmi Biinuyii No'aadiyaan isa woliin jiraniiyyu. \v 34 Wonni martinuu laakkowantee madaalante; madaalliin waan maraatuu yennuma san galmeeffante. \p \v 35 Yennaa san worri boojuu irraa deebi'e, Israa'el maraaf dardaroota kudhanii lama, korbeeyyii hoole'ee sagaltamii jaa, buruusoo korbeeyyii hoole'ee torbaatamii torba Waaqa Israa'eliitiif ciincaa gubamu dhikeessane; kun martinuu ciincaa gubamu ka Mootii Waan Maraatiif dhikaate. Sababa cubbu'uutiifille, korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama ciincaa dhikeessane. \v 36 Isaan ajaja mootichaa bulchitoota kutaa biyya mootichaa bulchanuu fi qondaaltota kutaa biyyaa ta laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jirtutti kennane; isaanille kolba'aa fi Galma Waaqaa qarqaarane. \c 9 \s1 Israa'elooti Fuudhaa Fi Heerumaan Makamane \p \v 1 Wonni kun marti te'een duuba, sooressitooti gara kiyya dhufanee, «Kolbaan Israa'elii, hayyootii fi Lewwootinuu adoo hin hafin kolbaa adaala isaanii jirtu Kana'aanota, Heetota, Pheriizota, Yibusoota, Amoonota, Mo'aabota, Gibxootaa fi Amoorota irraa gargar hin baane; hujii battummaa isaanii irralle'ee ifi hin eeganne. \v 2 Isaan durra kolbaa adaala ifii fuudhanee, ilmaan ifiille fuusisanee, sanyii woyyuu kolbaa adaala isaanii jirtu woliin wolitti makaneeran; sooreyyi'ii fi qondaaltoti karaa addatama dhabiisaa kana sooressaneeran» jedhane. \p \v 3 Ani yennaa waan kana dhage'e, gaddaan woya'aa fi geellaa kiyya tarsaasee, rifeensa mataa kiyyaatii fi areeda kiyyaa buqqisee, nayee tee'e. \v 4 Sababa addatama dhabiisa worra boojuu irraa deebi'eetiif, worri jecha Waaqa Israa'elii sodaatee rommu na biratti wolitti qabamane; anille nayee haga ciincaa galgalaatitti achuma tee'e. \p \v 5 Ani yennaa ciincaan galgalaa dhikaatu, woyaa tiyyaa fi geellaa kiyya ka tarsa'e akkuma uffadhetti, gaddaan addee tee'eeruu ka'e; jilbiiffadhee, harka kiyya gara Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaa badhisee, \v 6 daadimadhee, «Ee Waaqa kiyya, cubbuun teenna ol kaatee mataa keenna caaltee, yakkaan teennalle ol-gubbaa waan geetteef, ani guddoo fokkifadhee, gara keeti ilaaliisaaf qaaneffadhe. \v 7 Bara abbootii teenna ta duriitii jalqannee haga ammaatitti nuuti yakkaa guddoo hujiisatti jirra; sababa cubbuu teennaatiif nuuti, moototi teennaa fi hayyooti teenna harka mootota biyya adaala keenna jiranuutitti, ijjeefamaa, booji'amaa, saamamaa akkuma adhaa kana fokkifanneerra. \v 8 Amma ammoo yennaa gabaaddu'uuf ati Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, nu keessaa worra garii garbummaa jalaa baasiisaan, addee woyyittii teeti keessa nageyaan akka le'anu godhiisaan, ati Waaqi keenna hidhaa garbumma'aa diqqoo nutti furiisaan, addii nuu kenniisaan, gadhaa nu'uuf laatteerta. \v 9 Nuuti garbummaa jala adoo jirruu, ati Waaqi keenna garbummaa keessatti nu hin lakkinne. Moototi Faaresii gadhaa akka nuu laafanu gootee, Galma keeti deebinnee ijaariisaaf, ka bututelle suphiisaaf jiruu haareya nuu kennite; lafa biyya Yihuda'aatii fi Yerusaalem keessalle'etti dalleya woy nu irraa ittisu nuu kennite. \p \v 10 «Amma ammoo, ee Waaqa keenna, tanaan duuba maan jedhuu dandeenna? Nuuti ajaja keeti, \v 11 ka ati karaa tajaajiltoota teeti raagotaatiin, ‹Biyyi isin dhaaliisaaf itti galtanu badii kolbaa biyya saniitiin battootteerti; hujii battittii isaaniitiin qacce'ee haga qacce'ee guutanteerti. \v 12 Tanaaf isin akka jabaattanuuf, waan dansaa biyyi sun baachu akka nyaattanuuf, biyya sanille ijoollee teessaniif, dhaala bara baraa gootanee akka dabarsitanuuf, durra teessan ilmaan isaaniititti hin heerumsiisina'a! Ilmaan teessanille durra isaanii hin fuusisina'a! Ijjumaa nageya isaaniif hin kennina'a; akka isaanitti tolulle hin godhina'a› jettee ka ajajje lakkinneerra. \v 13 Sababa cubbu'uu fi Yakkaa teenna guddo'ootiif tun marti nu irratti teete; ati Waaqi keenna nu hamburtee akka jiraannu goote malee, akka yakkaa teennaatitti nu hin adanne. \v 14 Nuuti kolbaa waan hantuu hujju woliin fuudhaa fi heerumaan wolitti makannee deebinee ajaja keeti cassinaa ree? Yoo akkas goone haga nami baraaree dhabutti aartee nu hin balleessituu ree? \v 15 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ati balcha'a; nuuti adha jiru'uun hanneerra; kunoo, yakkaa teenna woliin si dura jirra; sababa yakkaa tanaatiif nu keessaa nami si dura dhaabbatuu dande'u tokkolle hin jiru» jedhe. \c 10 \s1 Kolbaan Cubbuu Faaci'atte \p \v 1 Izraan Galma Waaqaa duratti gad gombifamee, bowaa, daadimataa, cubbuulle faaci'atiisatti adoo jiruu, gumiin guddoon Israa'elootaa dhiirti, dubarti'ii fi ijoolleen adaala isaatitti wolitti qabamanee, laaleffatanee bowane. \v 2 Achiin duuba sanyii Elaamii keessaa ilmi Yehii'elii Shekaaniyaan, Izra'aan, «Nuuti dubartii kolbaa gosa ormaa ta biyya teenna keessaa fuudhiisaan Waaqa keenna duratti addatamummaa dhanneerra; teetulle ammoo Israa'elootaaf ammalle addiin hin jirti. \v 3 Maarre amma nuuti akka gorsa si goottaa kiyyaatii fi akka gorsa worra ajaja Waaqaa sodaatanuutitti dubartoota tana ijoollee isaanii mara woliin ifi biraa geegessiisaaf, Waaqa keenna duratti wolii galluu ti. Tun akkuma seeraatitti teetuu ti. \v 4 Tun si harka jirti; nuutille si woliin jirra, ka'i; jabaadhuu huji!» jedhe. \v 5 Maarre Izraan ka'ee waan jedhame akka hujanuuf sooreyyii hayyootaa, Lewwootaa fi kolbaa Israa'elootaa mara kakachiise. Isaanille kakatane. \v 6 Achiin duuba Izraan Galma Waaqaa duraa ka'ee, gara kolloo Yehohaanaanii ilma Eliyaashiibii dhaqe. Inni yennaa achi jiru, sababa addatamummaa dhaba worra boojuu irraa deebi'eetiif gaddee, sagalee hin nyaanne; bisaanille hin unne. \p \v 7 Worri boojuu irraa deebi'e martinuu Yerusaalemitti akka wolitti qabamuuf, lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessatti lassiin baate. \v 8 Nami guyyaa sad keessatti achitti hin dhaggamin hafe, murtee qondaaltotaa fi jaarsole'eetiin, waan ifii ta Mootii Waan Maraatiif akka teetu murteeffante mara dhabee, ifille'eef wolde'a worra boojuu irraa deebi'ee keessaa hin baafama. \v 9 Guyyaa sadiin san keessatti namooti Yihuda'aatii fi namooti Beniyaaminii marti Yerusaalem keessatti wolitti qabamane; ji'a sagaleesso'oo, guyyaa diddameesso'ootitti namooti martinuu dhufanee badhinna Galma Waaqaa dura jiru keessa tee'ane. Sababa haajaa wolitti qabamaneetii fi sababa roobaatiif hollatane. \p \v 10 Achiin duuba Izraan hayyichi ka'ee isaaniin, «Isin hin addatanne; dubartii orma fuudhiisaan yakkaa Israa'elii irratti yakkaa edeetaneertan. \v 11 Amma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessaniititti cubbuu teessan faaci'adha'a; fedhii isaalle godha'a! Kolbaa adaala keessaniitii fi dubartoota orma fuutane irraa gargar baya'a» jedhe. \p \v 12 Kolbaan wolitti qabante sun marti qoonqoo ol qabattee, «Dubbiin tun dhuga'a! Waan ati jette mara hin goona. \v 13 Te'uu malee nuuti nama heddu'u; yennaalle yennaa bokkeyaa waan teeteef, ala dhaabbatiisa hin dandeennu; nuuti dubartii orma fuunee guddoo waan yakkineef, dubbiin tun guyyaa tokkotti yookiin guyyaa lamatti ta dhumattuu moti. \v 14 Tanaaf, sooreyyiin teenna gumii baate tana mara bakka buutee, dubbii tana ilaaltuu ti. Achiin duuba mufiin Waaqa keennaa jadduun ta marroo dubbii tanaatiif nutti dhutte tun haga nu irraa deebitutti, qachaa keenna keessatti worri dubartii orma fuudhe martinuu jaarsole'ee fi abbootii mura'aa ta qachaa qachaa ifii woliin guyyaa qabatanetti dhufanuu ti!» jedhane. \v 15 Te'uu malee Yonaataan ilma Asaaheliitii fi Yahaaziiyaa ilma Tiiqiwa'aa qofatti, Meshulaamii fi Shaabetaayiin Lewwichi yaada isaanii qarqaaranuun dubbii tana morme. \p \v 16 Maarre worri boojuu irraa deebi'ane akkuma yaada dhikaateetitti muummessane; kanaaf hayyichi Izraan akkuma maatii isaaniititti, itti gaafatamaa maati'ii filee maqaa maqa'aan barreesse; isaanille ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa qaraatitti tee'anee dubbii qorqoruu jalqabane. \v 17 Ji'a jalqabaa, guyyaa tokkeesso'oo waan namoota dubartoota orma fuudhanee qorqoranee fixane. \s1 Namoota Dubartoota Orma Fuudhane \p \v 18 Sanyii hayyootaa keessaa dubartoota orma ka fuudhaneeranu asii gad jiran: sanyii Iyaasuu ilma Yozaadaaqiitii fi obboleeyyan isaa keessaa Ma'aseyaa, Elii'ezer, Yaariibii fi Gedaaliya'a. \v 19 Isaan martinuu dubartoota isaanii akka lakkisanuuf kakatanee wolii galane; sababa yakkaa isaaniitiif tokko tokkoon isaanii ciincaa sababa yakka'aatiif dhikaatu korbeessa hoole'ee tokko tokko dhikeessane. \v 20 Sanyii Iimerii keessaa, Haanaanii fi Zebaadiya'a. \v 21 Sanyii Haariimii keessaa, Ma'aseyaa, Eliyaa, Shemaayaa, Yehii'elii fi Uziya'a. \v 22 Sanyii Phashihurii keessaa, Eliyo'enaayi, Ma'aseyaa, Ishimaa'el, Nataani'el, Yozaabaadii fi Eli'aasa'a. \v 23 Lewwoota keessaa, Yozaabaad, Shime'ii, Qelaayaa ka «Qeliixaa» jedhamu, Phetaahiyaa, Yihuda'aa fi Elii'ezer. \v 24 Faarsitoota keessaa, Eliyaashiib. Eeddota karraa keessaa, Shaalum, Xelemii fi Uri'i. \v 25 Israa'eloota dhibii keessaa: Sanyii Faaroshii keessaa, Ramiiyaa, Yiziiyaa, Malkiiyaa, Miyaamin, Eli'aazaar, Malkiiya'aa fi Benaaya'a. \v 26 Sanyii Elaamii keessaa, Mataaniyaa, Zakaariyaas, Yehii'el, Abdi, Yeremootii fi Eliyaa. \v 27 Sanyii Zaatuu keessaa, Elyo'enaayi, Eliyaashiib, Mataaniyaa, Yeremoot, Zaabaadii fi Aziiza'a. \v 28 Sanyii Bebaayii keessaa, Yehohaanaan, Hanaaniyaa, Zaabayii fi Aatilaayi. \v 29 Sanyii Baanii keessaa, Meshulaam, Maluuk, Adaayaa, Yaashub, Shi'eelii fi Yiremooti. \v 30 Sanyii Fa'aat-Mo'aabii keessaa, Adinaayi, Kilaal, Benaayaa, Ma'aseyaa, Mataaniiyaa, Bezaali'el, Biinuyii fi Minaase'e. \v 31 Sanyii Haariimii keessaa, Elii'ezer, Yishiiyaa, Malkiiyaa, Shemaayaa, Shimi'oon, \v 32 Beniyaamin, Maluukii fi Shemaariya'a. \v 33 Sanyii Hashumii keessaa, Matenayi, Mataataa, Zaabaad, Eliifelex, Yeremaay, Minaase'ee fi Shime'i. \v 34 Sanyii Baanii keessaa, Ma'aadaayi, Amraami, U'el, \v 35 Benaayaa, Bediyaa, Keluhuu, \v 36 Waanyaa, Meremoot, Eliyaashiib, \v 37 Mataaniiyaa, Matenayii fi Yaa'asaawu'u. \v 38 Sanyii Biinuyii keessaa, Shime'ii, \v 39 Shelemiiyaa, Naataan, Adaayaa, \v 40 Maknadebaay, Shaashaay, Shaaray, \v 41 Azaari'el, Shelemiiyaa, Shemaariyaa, \v 42 Shaalum, Amaariya'aa fi Yoseef. \v 43 Sanyii Neboo keessaa, Ye'ii'el, Matiitiyaa, Zaabaad, Zebiinaa, Yaadaay, Yo'elii fi Benaaya'a. \v 44 Namooti kun martinuu worra dubartoota orma fuudhane; isaan keessaa gariin dubartoota san irraa ijoollee uumataneeran.