\id EZK - Guji Bible \ide UTF-8 \h Hizqi'elii Raagichaa \toc1 Kitaaba Hizqi'elii Raagichaa \toc2 Kitaaba Hizqi'elii Raagichaa \toc3 Hiz. \mt1 Kitaaba Hizqi'elii Raagichaa \imt Seensa \ip Hizqi'eliin Raagichi dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shanii fi saddeettamii jaatti Yerusaalem adoo hin diigaminiin duraa fi diiganteen duuba booji'amee Baabilon keessa le'aayyu. Jechi raaga isaa worra booji'amee Baabilon keessa jiruu fi kolbaa Yerusaalem keessa leetuuf dabare. Kitaab Hizqi'elii raagichaa kutaa gugurdoo jaatti qoodama. \ip 1. Waaqi akka Hizqi'el raagicha te'u waame. \ip 2. Muraan Waaqaa kolbaa irratti akka dhuttuu fi jinnannii fi badiin Yerusaalemii akka dhuttu ergaa ifi eegachiittu. \ip 3. Gosa biyya adda addaa ta kolbaa isaa cunqursitee fi dokonkorsite akka adabu ergaa Mootii Waan Maraa biraa dabarte. \ip 4. Jinnana Yerusaalemiitiin duuba Israa'el jajjabeessiisaa fi wonni dansaan gara duraa akka isi'iif teetu, jecha waada'aa ka himame. \ip 5. Raaga Waaqa mormu. \ip 6. Galmi Waaqaatii fi mootummaan Israa'elii addee ifii ta duriititti akka deebi'ane fakkii Hizqi'el dhagge. \ip Hizqi'el nama dhugeeffannaa guddoo qabuu fi nama waan gara duraa te'u fageessee yaadu. Inni waan gara duraa te'u hedduu bifa mudhi'iitiin dhagge. Ergaa isaa keessaa hedduun hujii fakkeennaatiin ifa teetee himante. Hizqi'el irra caalaa haareffamiisi gadhaa keessaatii fi ayyaanaa barbaachisaa akka te'e, nami tokko tokkooyyuu cubbuu ifiitiif itti gaafatamaa akka te'e mudhise. Inni marroo haareffamiisa jiruu kolba'aalle addii ifii lallabeera. Hizqi'el hayyicha, raagichalle waan te'eef, Galma Waaqaatii fi woyyumma'aafille fedhii addaa qabaayyu. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Hizqi'el waamame\ior 1:1—3:27\ior* \io1 Ergaa Marroo Badii Yerusaalemii\ior 4:1—24:27\ior* \io1 Gosa Biyya Adda Addaa Irratti Muraa Waaqaa\ior 25:1—32:32\ior* \io1 Waadaa Waaqi Kolbaa Ifiitiif Qabu\ior 33:1—37:28\ior* \io1 Raaga Waaqa Mormu\ior 38:1—39:29\ior* \io1 Mudhii Marroo Galma Waaqaatii Fi Lafa Gara Duraa\ior 40:1—48:35\ior* \c 1 \s1 Mudhii Waaqaa Ta Hizqi'el Dhagge Ta Qaraa \s1 Mudhii Ulfinna Waaqaa \p \v 1 Woggaa soddomeesso'oo, ji'a arfeesso'oo, guyyaa shaneesso'ootitti, worra booji'ame keessaa tokko adoo te'ee jiruu, laga Kebaarii biratti ol gubbaan banantee ani mudhii Waaqaa dhagge. \v 2 Mootichi Yehoyaakiin booji'amee woggaa shaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti, \v 3 Biyya Baabilonii laga Kebaarii biratti jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya gara ana Hizqi'elii hayyicha ilma Buzii dhufe; achitti irreen Mootii Waan Maraa na irra jirtiiyyu. \p \v 4 Ani ol ilaalee, bubbeen bokkeyaa gara kaabaatiin dhuttuun dhagge; duumensa ciggaa keessaa balaqqeettiin balaqqittee, adaala duumensaa san ifi guddaan ifee, addee balaqqeettiin balaqqitetti wonni takka akka sageettu'uu calalaxxe. \v 5 Wodhakkaa bubbee bokkeyaa sanitti dada lubbuu qaddu, ta nama fakkaattu afur dhagge; \v 6 garuu tokko tokkoon isaaniituu fuula afurii fi koola afur qaban. \v 7 Miilli isaanii sootii, faanti miila isaanii kottee jabbi'ii fakkaatti; akka sageettuu haxowanteelle calalaxxi. \v 8 Isaan Koola ifii ka gama afuriituu jalatti harka namaa qaban; isaan arfanuu fuula fi koola qaban; \v 9 koolli isaanii wol dhaqqaba; tokko tokkoon isaaniituu adoo gara hin galin, qajeelanee gara duraa deeman. \p \v 10 Dadi lubbuu qaddu tun arfanuu fuula adda addaa afur, gara duraatiin ka fuula namaa fakkaatu, gara middaatiin ka fuula neenqaa fakkaatu, gara bita'aatiin ka fuula qotiyyo'oo fakkaatu, gara duubaatiin ka fuula risa'aa fakkaatu qaban. \v 11 Fuulli isaanii akkas fakkaata. Koolli isaanii lamaan irii ol diriiree, qaccee koola dada isaanitti aaneeruu tuqa; koollii lamaan hafe ammoo nafa isaanii golla. \v 12 Tokko tokkoon isaaniituu adoo gara hin galin, gara Ayyaanni Waaqaa isaan qajeelche, qajeelanee gara duraa koolaan ka'anee deemane. \p \v 13 Dadi lubbuu qaddu sun bifi isaanii kashila ibidda bobe'uutii fi xassaa bobe'u fakkaata; dada san odduu ibidda asii fi achi tacho'utti jiraayyu; ibiddi sun akka malee ifa; balaqqeettiille ibidda san keessaa baate. \v 14 Dadi lubbuu qaddu sun akka balaqqeettii banqo'oo asiif achi fiidde. \p \v 15 Ani dadi lubbuu qaddu arfan san yennaa ilaale, korboo afur tokko tokkoo isaaniituu biratti lafa irratti dhagge. \v 16 Bifi korboo arfan saniitii fi akki isaan itti hujamane akka kana fakkaata: Bifi isaanii akka bifa dooqa, «Beerilos» jedhamuu calalaqa; isaan arfanuu wol fakkaatan. Tokko tokkoon isaaniituu akka korboo wol keessa jirtuutitti hujamaneeran. \v 17 Isaan yennaa deemanu, adoo asii fi achi gara hin galin, gara dadi lubbuu qaddu deemanu gara arfanittuu deeman. \v 18 Irgi korboota tanaa dhedheerota sodaachisanu; korbooti sun arfanuu naannoo irga ifii irraa ila qaban. \v 19 Yennaa dadi lubbuu qabanu sun ideemanu korbooti sunille cinaa isaanii ideeman; yennaa dadi lubbuu qabanu sun lafa irraa ol ka'anu, korbooti sunille ol ka'an. \v 20 Garuma ayyaanni Waaqaa ideemu dadi lubbuu qabanu sunille deeman; Ayyaanummaan dada lubbuu qabanuu keessa jiru sun korboota san keessalle waan jiruuf, korbooti sunille isaanuma woliin ka'anee deeman. \v 21 Ayyaanni Waaqaa sun dada lubbuu qabanuu fi korboota san waan qajeelchuuf, dadi lubbuu qabanu sun yennaa ideemanu korbooti sunille isaanuma woliin deeman; yennaa isaan dhaabbatanulle isaanuma woliin dhaabbatan; yennaa isaan lafa irraa ol ka'anulle wolumaan ol ka'an. \p \v 22 Mataa dada lubbuu qabanu sanii gubbaa wonni akka dhakaa roobaa calalaqee ila sodaachisu ta gubbaa gombobbittii fakkaattutti diriireeraayyu. \v 23 Gubbaa gombobbittii saniin jala koolli isaanii lamaan gara woli wolii isaanii diriiree jira. Dadi sun tokko tokkoon isaaniituu koola lama ka nafa ifii ittiin gollatanu qabaniiyyu. \v 24 Yennaa isaan koolaan ka'anu, shookkessi koola isaanii akka shookkettii galaana gudda'aa, akka shookkettii qoonqoo Waaqa Waan Mara Dande'uu yookiin akka hogaa gumii loltootaa fakkaattu dhage'e; isaan yennaa koolaan ka'iisa lakkisanu, koola ifii gad qabatan. \v 25 Isaan yennaa koolaan ka'iisa lakkisanee koola ifii gad qabatanelle gubbaa gombobbittii san gubba'aa qoonqoon dhage'ante. \p \v 26 Gubbaa gombobbittii san irra wonni barcumaa mootumma'aa ka dooqa, «Safiiros» jedhamu irraa hujame fakkaatu tokko jiraayyu; waan akka barcumaa mootumma'aa san gubbaalle waan nama fakkaatu tokkotti jiraayyu. \v 27 Addee hidha isaa fakkaatu san irraa jalqabee irii ol waan akka sibiila ibidda keessatti finiinee fakkaatu, addee hidha isaa fakkaattu san irraa jalqabee irii gad waan ibidda fakkaatu ka ifi calalaqu cinaa isaa mara jiru tokko dhagge. \v 28 Ifi cinaa isaa maraa calalaqu sun, akka hiituu yennaa bokkeyaa duumensa keessaa mudhattuu ti. \p Kun fakkeenna bifa ulfinna Mootii Waan Maraa fakkaataayyu; ani yennaa waan kana dhagge, fuulaan lafatti gad gombifamee, qoonqoo nama dubbatuu dhage'e. \c 2 \s1 Waamamiisa Hizqi'elii \p \v 1 Inni anaan, «Ilma namaa! Ka'iitii miila keetiin dhaabbadhu; anille si woliin hin dubbadha» jedhe. \v 2 Yennaa inni natti dubbate, Ayyaanni Waaqaa na keessa seenee miila kiyyaan na dhaabbachiisee, natti dubbatuun dhage'e. \v 3 Inni anaan, «Ilma namaa! Ani gara kolbaa Israa'elii worra finqilaa na irratti finqila kaasee si hin erga; abbootiin isaaniitii fi isaan haga adhaa na irratti cubbuu hujaneeran. \v 4 Isaan worra morkatuu fi worra mataa jabaatu; tanaaf ani gara isaanii si ergaaraa, ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhiin; \v 5 isaan worri finqilaan sun yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, raagaan tokko akka odduu isaanii jiru hin beekan. \v 6 Atille ilma namaa! Isaanii fi jecha isaaniille hin sodaatin; qore'ee fi qumi'uuduu woliin jiraatanulle, makka irra yoo teettelle hin sodaatin. Isaan worra finqilaa waan te'aneef, ati waan isaan siin jedhanu hin sodaatin; isaan si hin rifachiisin. \v 7 Isaan worra finqilaa waan te'aneef, yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, ati jecha kiyya isaanitti dubbadhu. \p \v 8 «Ati ammoo ilma namaa! Waan ani siin jedhu dhage'i! Atille akka worra finqilaa sanii hin te'in; afaan keeti banadhuutii, waan ani sii kennu nyaadhu» jedhe. \v 9 Ani yennaa ilaale, harki tokko gara kiyya diriiruun dhagge; harka san keessa kitaaba maramaa tokkotti jiraayyu. \v 10 Harki sun kitaaba maramaa san na duratti diriirse. Kitaab sun duraa fi duuballe'een barreeffama qabaayyu; barreeffam irra jiru sun jecha gaddaa, jecha bowaatii fi wiiccifataa ti. \c 3 \p \v 1 Mootiin Waan Maraa, anaan, «Ilma namaa! Ati waan asitti dhaggite mara nyaadhu; kitaaba maramaa kana nyaadhuutii, dhaqii kolbaa Israa'eliititti dubbadhu!» jedhe. \p \v 2 Maarre ani afaan banadhee, innille kitaaba maramaa kana akka nyaadhu naa kennee, \v 3 «Ilma namaa! Ati kitaaba maramaa ani sii kennu kana nyaadhuutii, gadhaa keeti guutadhu!» jedhe; achiin duuba anille kitaaba maramaa san nyaadhee, innille afaan kiyya keessatti akka dammaa mi'owe. \p \v 4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Ilma namaa! Gara kolbaa Israa'elii dhaqiitii jecha kiyya isaanitti dubbadhu. \v 5 Ati gara kolbaa Israa'elii ergante malee, gara gosa biyya adda addaa hedduu orma ta afaan isaanii hin beekkanne, ta dubbiin isaanii rakkisaa teetee hin erganne; \v 6 ani gara kolbaa afaan isaanii hin beekkannee, ta dubbiin isaanii rakkisaa teetee, si hin ergine. Dhugumaan, adoo achi si ergee jiraadhee, sila isaan si hin dhage'aniiyyu. \v 7 Kolbaan Israa'elii ammoo na caqasiisa waan hin fedhiniif, si caqasiisa hin feene. Sababille kolbaan Israa'elii marti mataa jaba'aa fi gadhaa jabaa qaban. \v 8 Kunoo, ani fuula isaanii duratti fuula keetii fi adda keeti hin jabeessa. \v 9 Ani adda keeti akka dhakaa jaba'aa, dhakaa-birraalle caalaa jabeessa; isaan worra finqilaa waan te'aneef, isaan hin sodaatin; hin rifatinille'e» jedhe. \v 10 Ammalle, inni, anaan, «Ilma namaa! Jecha ani sitti dubbadhu mara gurra keetiin dhage'iitii, gadhaa keetitti qabadhu. \v 11 Gara worra booji'amee, gara kolbaa keetii dhaqiitii, yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 12 Achiin duuba Ayyaanni Waaqaa ol na fuudhee, duuba kiyyaan, qoonqoon guddoon ta akka lafa tachootuu takka, «Ol-gubbaa keessatti ulfinni Mootii Waan Maraa ka leellifame te'uu ti» jettuun dhage'e. \v 13 Qoonqoon sun ta koolli dada lubbuu qabanu sanii yennaa wol dhowanu shookkisuutii fi ta korboo cinaa isaanii jirtuu ta akka lafa tachootuu hididdittuu ti. \v 14 Ayyaanni ol na fuudhee deeme; anille hadheeffataa, aaree bobe'aa achii deeme; irreen Mootii Waan Maraalle na irratti jabaatteertiiyyu. \v 15 Ani gara worra booji'amee laga Kebaarii bira Tel-Abiib jiranuu dhaqe. Ani akkuma nayee waan godhu wollaaletti, guyyaa torba odduu isaanii ture. \s1 Akka Israa'el Eegu Waaqi Hizqi'el Muude \p \v 16 Guyyaan torba dabareen duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 17 «Ilma namaa! Ani nama kolbaa Israa'elii eegu si godheera; ati yennaa jecha afaan kiyyaa bawu dhageettu mara, waan ani isaan ifi eeggachiise san isaanitti himi. \v 18 Ani nama cubbaallessaan, ‹Ati dhugumaan hin duuta› jedhuun, ati yoo isa ifii eeggachiisuu dhadde, inni karaa ifii cubbaalessa san irraa deebi'ee jiru'uun akka jiraatu isa ifi eeggachiisiisaaf yoo itti himuu dhadde, nami cubbaalessi sun yakkaa ifiitiin hin du'a; ani ammoo dhiiga isaa harka keeti keessaa barbaada. \v 19 Ati cubbaalessa ifi eeggachiittee inni cubbuu ifii irraa yookiin karaa ifii cubbaalessa san irraa yoo hin deebi'in ammoo yakkaa ifiitiin hin du'a; ati ammoo lubbuu teeti hin baafatta. \v 20 Ammalle, nami balchaan tokko balchummaa ifii irraa deebi'ee, waan hantuu yoo huje, ani gufuu isa dura keya; innille hin du'a. Atille waan isa ifi hin eeggachiisiniif, inni cubbuu ifiitiin hin du'a; hujiin balchittiin inni qara hujeeruu isaaf hin laakkowantu; ani ammoo dhiiga isaa harka keeti keessaa barbaada. \v 21 Ati ammoo nami balchaan tokko akka cubbuu hin hunye yoo ifi eeggachiitte, innille dhage'ee yoo cubbuu hujuu dhabe, inni ifi eeggachiisa san waan fudhateef, dhugumaan jiru'uun hin jiraata; atille lubbuu teeti baafatteerta» jedhe. \p \v 22 Achille'etti irreen Mootii Waan Maraa na irra jirtiiyyu. Inni, anaan, «Ka'ii gara lafa dhooqaa dhaqi; anille achitti sitti hin dubbadha» jedhe. \p \v 23 Maarre anille ka'ee gara lafa dhooqaa san dhaqe; kunoo, ulfinni Mootii Waan Maraa ka akka ani laga kebaarii biratti dhaggeeruu sun achi dhaabbateeruun dhagge; anille fuula kiyyaan gad gombifame. \v 24 Te'uu malee, Ayyaanni Waaqaa na irratti bu'ee miila kiyyaan na dhaabbachiisee, natti dubbatee, «Deemi, gara mana keetii galii, balbala ifitti cufadhu. \v 25 Ee ilma namaa! Ati akka xaxantee odduu kolba'aatitti gad bawuu hin dandeenne, kunoo, wodaro'oon hin hidhanta. \v 26 Isaan kolbaa finqiltuu waan te'aneef, akka ati isaan xixuu hin dandeenne, ani arraba keeti laagada'atti hin maxxansa. Duudaa hin teeta. \v 27 Ani yennaa sitti dubbadhu ammoo afaan keeti hin bana; atille isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› hin jetta. Isaan worra finqilaa waan te'aneef, nami dhage'u, dhage'uu ti; nami dhage'uu didatu lakkisuu ti. \c 4 \s1 Fakkeenna Marfama Yerusaalemii \p \v 1 «Ilma namaa! Faara loobamaa tokko fuudhii ifi dura keyiitii, qachaa Yerusaalemii irratti qiriixi. \v 2 Akka loltootaan marfameetitti waan qachaa san marsu itti hujii, kushee dhaka'aa itti ijaari; biyyeelle tuuliitii yaabbannoo itti ijaari. Addee quttumaalle itti naannessii ijaariitii, waan dalleya dhaka'aa ittiin diiganulle itti naannessi. \v 3 Eelee sibiilaa fuudhiitii wodhakkaa teetii fi qachaa sanii akka dalleya sibiilaatitti keyi; fuula keeti gara qacha'aa deebifadhuutii ila itti baasi. Qachaan sun ka marfame hin te'a; ati qachaa san hin marsita; kunille kolbaa Israa'eliitiif beessisa hin te'a. \p \v 4 «Achiin duuba gara cinaacha bita'aatitti irkadhuutii, cubbuu Israa'elii ba'adhu; akka laakkossa guyyaa cinaacha keeti irratti irkateetitti cubbuu isaanii hin ba'atta. \v 5 Akka laakkossa woggaa Israa'elooti cubbuu hujjaneetitti, guyyoota laakkowee sii hin kenna. Tanaaf, guyyaa dhibba sadii fi sagaltama cubbuu Israa'elootaa hin ba'atta. \v 6 Yennaa tana fixxe, yennaa lammeesso'oo cinaacha middaa irratti guyyaa afurtama irkattee, cubbuu Yihudootaa hin ba'atta. Cubbuu woggaa tokko tokkootiif, guyyaa tokko tokko akka irkattu ani murteesseera. \p \v 7 «Ati fuula keeti gara marfama Yerusaalemii deebifadhuutii, ila itti baasii, harka keeti irraa woyaa caccaffadhuutii, raaga ifi eeggachisiisaa itti dubbadhu. \v 8 Haga guyyaan marfama keetii sun fixamutti, cinaacha kaan irraa gara cinaacha kaaniititti akka ati gara hin galle ani wodaro'oon si hin hidha. \p \v 9 «Qamadii, garbuu, baaqela, misira, mishinqa'aa fi garbuu qoroxo fuudhiitii wolitti makii daabboo huji; guyyaa dhibba sadii fi sagaltama yennaa cinaacha keeti irratti irkatu san isii san hin nyaatta. \v 10 Sagaleen ati guyyuma guyya'aan nyaattu, gara giraama dhibba lama fi soddoma teetuu ti; isuma tana yennaa murtootte keessatti nyaadhu. \v 11 Hagi bisaan ati guyyuma guyya'aan untuulle gara wodhakkaa\f + \fr 4:11 \fr*\fqa Wodhakkaa: \fqa*\ft Yookiin gamis.\ft*\f* litiri'ii te'uu ti. \v 12 Faalowa namaa ka goge bobeeffadhuutii, addee nami dhaggutti akka daabboo garbu'uu bilcheeffatutti daabboo san bilcheeffadhuu nyaadhu» jedhe. \p \v 13 Mootiin Waan Maraalle, «Akkuma kana kolbaan Israa'elii addee ani isaan itti bittinneessu gosa biyya adda addaa oddu'utti sagalee ifii battii hin nyaatan» jedhe. \p \v 14 Achiin duuba anille, «Goottaa Mootii Waan Maraa, hoola! Ani ijjumaa battowee hin beeku. Ijoollummaa tiyyaan jalqabee waan ifiin du'e yookiin waan bineensi ijjeese ani ijjumaa nyaadhee hin beeku; foon battowe afaan kiyya seenee hin beeku» jedhe. \p \v 15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kunoo, addee faalowa namaa, dhoqqee loonii bobeeffattee, sagalee akka itti bilcheeffattu hin godha» jedhe. \p \v 16 Inni ammalle, anaan, «Ilma namaa! Kunoo, ani sagalee Yerusaalemiif dhikaattu irraa hin kuta. Isaan yaaddo'oon guutamanee, sagalee madaalli'iin nyaataa, bisaan qusataa hin unan. \v 17 Ani akka isaan sagale'ee fi bisaan dhabanuuf, wol ilaalanee akka isaan rifatanuuf, sababa yakkaa ifiitiif gad deebi'anee akka isaan badanuuf, tana hin godha. \c 5 \s1 Yerusaalem Hin Baddi \p \v 1 «Atille ilma namaa! Shallaagaa qarame fudhadhuutii, akka waan areeda ittiin haadatanuu areedaa fi rifeensa mataa keetii ittiin haadadhu. Achiin duuba rifeensa san madaaliitii gargar qoodi. \v 2 Guyyaan marfamiisaa yennaa hobba'e, rifeensa san harka sad keessa harka tokko wodhakkaa qachaa faara loobame irratti keyamee san irratti ibiddaan gubi; harka sad keessaa tokko qachaa faara loobame irratti kaachetti naannessii shallaaga'aan kukkuti. Harka sad keessaa tokko qilleensaaf bittinneessi; anille shallaagaa buqqifadhee isaan hin ari'a. \v 3 Rifeensa san irraa diqqaa isaa fuudhiitii qaccee woyaa teetiititti hidhadhu. \v 4 Ammalle diqqaa isaa fuudhiitii ibidda keessa buusii gubi. Achi keessaa kolbaa Israa'elii maratti ibiddi hin faca'a» jedhe. \p \v 5 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Biyya hedduu isi'itti naannessee, ta ani gosa biyya adda addaa wodhakkaa keye, Yerusaalem tana. \v 6 Isiin gosa biyya adda addaa caalaa waan hantuu hujiisaan ajaja kiyya diddee, biyya naannoo isi'ii jiranu mara caalaa na finqilteerti; ajaja kiyya gatteerti; seerata kiyyalle hin hordofanne» jedha. \v 7 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Isin worri Yerusaalemii, isin gosa biyya adda addaa ka naannoo teessan jiranu caalaa seeri malee teetaneertan; ajajaa fi seerata kiyyalle hin eeganne; akka ajaja gosa biyya adda addaa ka naannoo teessan jiranuutuu hin hujanne» jedha. \v 8 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, aninuu si irratti hin ka'a; gosi biyya adda addaa marti adoo ilaaluu muraa si irratti hin fida. \v 9 Sababa hujii diqatantuu ati hujje maraatiif, waan tanaan qara godhee hin beenne, ta gara duraalle hin goone si irratti hin godha. \v 10 Tanaaf si keessatti, abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii hin nyaatti; ani muraa si irratti hin fida; worra jiru'uun hafe gara mara hin bittinneessa» jedha. \v 11 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa, dhugumaan jiraata'a! Ati hammeennaa fi waan diqachiisu hujiisaan addee woyyittii tiyya waan batteessiteef, anille marartii malee akka ati salphattu hin godha. \v 12 Kolbaan teeti harka sad keessaa harki tokko beelaa fi dhukkubaan si keessatti hin dhumatti; harka sad keessaa harki tokko adaala keetitti shallaaga'aan hin dhumatti; harka sad keessaa harka tokko gara mara bittinneessee, shallaagaa buqqifadhee isaan hin ari'a. \p \v 13 «Akka kanaan ani aarii tiyya hin qabbaneeffadha; mufii tiyya isaanitti buusee, gadhaan kiyya gabbi na hin jedha. Yennaa ani mufii tana isaanitti fide, isaanille ani Mootiin Waan Maraa hinaaffa'aan akka dubbadhe hin beekan. \v 14 Gosa biyya adda addaa oddu'utti, ila worra achiin dabaruu mara duratti si diigee onsee, akka sitti murganu hin tolcha. \p \v 15 «Ani yennaa aari'ii fi mufi'iin, xixicha jaba'aan muraa sitti fidu, ati gosa biyya adda addaa mara duratti waan coora'aatii fi murgo'oo, waan dhagganee ifi eegatanuu fi dhagganee bararaqanu hin teetan. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. \v 16 Ta isin ijjeettuu fi ta isin balleessitu beela akka daayaa yennaa isinitti buusu, beela irratti beela yennaa isiniif ede'u, sagalee isin hin dhoogga. \v 17 Beelaa fi bineensa isinitti ergee, isaan ijoollee teessan hin fixan. Woraanalle isinitti hin fida; dhukkubii fi dhiiga dhangalaasiis odduu teessan hin guutan. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe. \c 6 \s1 Muraa Waaqota Dharaa Waaqonfatiisa Irratti Dhuttu \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ilma namaa! Gara gaarota Israa'elii ilaali; raaga isaan irratti dubbadhuutii, \v 3 ‹Ee, gaarota Israa'elii, jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, gaarotaa fi koobotaan, dareeraa fi dhooqaan: Kunoo, ani shallaagaa isinitti ergee, addee waaqonfanna'aa teessan hin balleessa. \v 4 Addeen ciinca'aa teessan marti diigantee hin baddi; addeen ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu marti hin caccaddi; ani namoota keessan ka ijjeefamane waaqota dharaa keessan duratti hin gata. \v 5 Reeffa worra Israa'elootaa waaqota dharaa ka isaanii duratti hin gonbisa; lafee isaaniille adaala addee ciinca'aa teessanitti hin bittinneessa. \v 6 Addeen ciinca'aa teessan diigamanee akka onanu, waaqoti dharaa keessan caccabanee akka badanu, addeen ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu akka diigamanu, wonni isin hujjane marti ijjumaa akka baddu, qachooti isin keessa leetanu marti ona hin te'an; addeen waaqonfanna'aa teessan marti hin diigaman. \v 7 Namooti ijjeefamane odduu teessanitti hin gombifaman; isinille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. \p \v 8 «‹Te'uu malee yennaa isin gosa biyya adda addaa odduu bittinnoottanu, isin keessaa worra garii ka shallaagaa jalaa miliqee hafu, lubbu'uun hin hambura. \v 9 Achiin duuba worri shallaagaa jalaa miliqee hafe kun, naaf addatamummaa dhabiisaan na irraa goranee, waaqota dharaa waaqonfatanee, attam akka na gaddisiisane, gosa biyya adda addaa addee itti booji'amane oddu'utti, na hin qaabatan. Isaan hujii hantuu hujaneef, hujii battii hujane maraafille, ifi hin jibban. \v 10 Isaan ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan. Waan hantuu tana isaan irratti akka fidu ani akkasumaan hin dubbanne jedha› jedhi» jedhe. \p \v 11 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan Israa'elii sababa hujii hantuu battittii hujje maraatiif, shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan waan dhumattuuf, harka dhowaa, miilaan lafa dhidhiitaa, ‹Aanne'e!› jedhii bowi. \v 12 Worri fagoo jiru dhukkubaan hin dhumata; worri dhikoo jiru shallaaga'aan hin dhumata; worri tana jalaa bayee hafe beelaan hin dhumata; akkanaan ani mufii tiyya jadduu isaan irratti hin baafadha. \v 13 Isaan keessaa worri qalame odduu waaqota dharaa ka isaanii adaala addee ciinca'aa ta isaaniititti, koobota dhedheertuu mara irratti, gaarota mara irratti, muka bisilee mara jalatti, qilxaa banqaaqaa mara jalatti, addee waaqota dharaa ka ifiitiif kennansa foolee dansaa qabu itti dhikeessane maratti, reeffi isaanii yennaa gombifame, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. \v 14 Ani harka kiyya isaan irratti diriirsee, addee isaan le'anu mara, lafa isaanii duwwaa godhee, goomolee kibbaa irraa jalqabee haga qachaa Diiblaa ka gara kaabaatitti hin onsa. Achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e isaan hin beekan» jedhe. \c 7 \s1 Badiin Israa'elii dhikaatte \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Goottaan Mootiin Waan Maraa marroo lafa Israa'eliitiif, ‹Lafa Israa'elii duudii irratti badiin dhikaatteerti. \v 3 Ee kolbaa Israa'elii! Kunoo, badiin teessan dhikaatteerti; ani aarii tiyya isin irratti hin dhangalaasa; akkuma ideensa keessaniititti isinitti hin mura; battummaa teessan maraaf isin hin adaba. \v 4 Marroo ideensa keessaniitii fi marroo battummaa odduu teessan jirtuutiif, ani isin hin adaba malee, isin hin hilu yookiin isiniif hin mararu› jedha. Achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan» jedhe. \p \v 5 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Badiin, badii irratti isinitti dhufaarti. \v 6 Muummeen dhutteerti! Dhutteerti! Isin irratti kaateerti; kunoo, dhutteerti. \v 7 Ee, isin worra lafa keessa leetanu, badiin teessan dhutteerti; yennaan dhutteerti; guyyaan sun guyyaa raafamaa ti malee, guyyaa gaara irratti firinxiixanuu moti. \p \v 8 «Ani ammuma mufii tiyya isin irratti hin dhangalaasa; aarii tiyyalle isin irratti hin baafadha; akka ideensa keessaniititti isinitti hin mura. Hujii battittii teessan maraafille isin hin adaba. \v 9 Marroo ideensa keessaniitii fi marroo battummaa odduu teessan jirtuutiif, ani isin hin adaba malee, isin hin hilu yookiin isiniif hin mararu. Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa ka adabu akka te'e hin beettan. \p \v 10 «Guyyaan sun kunoo ti! Kunoo, dhufeera! Badiin teessan dhutteerti. Hunnaan nama irratti ka'iis guddateera; koorrille bacateera. \v 11 Hunnaan nama irratti ka'iis guddattee, ulee hammeennaa teeteerti. Isaan keessaa yookiin gumii isaanii keessaa, qabeenna isaanii keessaa, waanuma gatii qabu keessalle'ee ka hafu tokkolle hin jiru. \v 12 Kunoo yennaan dhutteerti; guyyaan geyeera; mufiin tiyya gumii isaanii mara irratti waan dhufaartuuf, ka bitatu hin firinxiixin; ka gurguratulle hin gaddin. \v 13 Mudhiin marroo gumii maraa waan hin jijjiiraneef, ka gurguratee fi ka bitate haga jiru'uun jiranu, ka gurgurate lafa gurgurate san deebifatiisaaf hin dande'u. Sababa yakkaa isaaniitiif, isaan keessaa nami lubbuu ifii hamburatuu dande'u tokkolle hin jiru. \v 14 Mufiin tiyya gumii mara irra waan jirtuuf, tultullaa afuufanee waan mara qopheeffatanulle, nami gara lolaa dhaqu tokkolle hin jiru. \s1 Addabbii Marroo Cubbuu Israa'elii \p \v 15 «Alaan shallaagaan, keessaan dhukkubaa fi beelatti jira; worri qacha'aan ala jiru shallaaga'aan dhumata; worri qachaa keessaalle dhukkubaa fi beelaan hin dhumata. \v 16 Isaan keessaa worri miliqee hafe, sababa yakkaa ifiitiif, akka saphaliisa dhooqa keessaa, gaara irraa hin aadaan. \v 17 Harki marti hin laashowa; jilbi marti hin lelleqa. \v 18 Woyaa gaddaa hin uffatan; wonni hantuun nami dhaggee bararaqu isaan hin liqinsiti; mataan isaanii hin haadama. Isaan marti hin qaanowan. \v 19 Isaan meetii ifii karaa irratti hin gatan; worqiin isaaniille akka waan batti'iititti hin laakkowanti. Guyyaa mufii ana Mootii Waan Maraa meeti'ii fi worqiin isaanii isaan baasuu hin dande'anu. Akka isaan yakkaa hujanu waan isaanitti te'aneef, nyaatanee ittiin hin quufanu yookiin gadhaa ifii ittiin hin guutatanu. \v 20 Isaan seesa ittiin kooranu saniin, waaqota dharaa diqachiisa'aa fi waan battii hujataneeran; tanaaf waan kana mara waan battii isaanitti hin godha. \p \v 21 «Seesa isaanii ormi akka saamu, hamaaleyyiin lafa san irraalle akka booji'anu harka isaaniititti dabarsee hin kenna. Isaanille seesa san hin batteessan. \v 22 Ani fuula kiyya isaan irraa hin deebifadha; isaanille karra tiyya hin batteessan. Saantuun itti tintee hin batteessiti. \p \v 23 «Latti dhiiga dhangalaasiisaan waan guutanteef, qachaalle hunnaan nama irratti ka'iisaan waan guutameef, wodaroo sibiilaa qopheeffadhu. \v 24 Gosa biyya adda addaa keessaa worra irra caalaa hamaaleyyii fidee, qabeenna mana isaanii akka saamanu hin godha. Koora worra hunnaameyyi'ii hin balleessa; addeen woyyittiin isaanii marti hin battootti. \v 25 Muddam yennaa dhufu, isaan nageya hin barbaaddan; garuu hin dhaggatanu. \v 26 Badiin, badii irratti, oduulle, oduu irratti hin dhutti. Isaan raagaa irraa mudhii hin barbaadan; barsiisi seeraa hayyicha irraa, gorsi jaarsolee irraa hin bada. \v 27 Mootichi hin bowa; qondaalli ijjumaa addii hin kutata; harki kolbaa lafa sanii hin romma. Ani akkuma ideensa isaaniititti isaan hin adaba; akkuma muraa isaaniititti isaanitti hin mura. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan» jedhe. \c 8 \s1 Galma Waaqaa Keessatti Waaqota Dharaa Waaqonfatiisa \p \v 1 Booji'annee woggaa jayeesso'ootitti, ji'a jayeesso'oo, guyyaa shaneesso'ootitti, jaarsoleen Yihuda'aa na woliin mana kiyya keessa tee'aneeranuun, achitti hunni Goottaa Mootii Waan Maraa natti dhutte. \v 2 Achiin duuba anille ilaalee, waan nama fakkaatu tokko dhagge; waan hidha isaa fakkaatuun gad waan akka ibiddaatitti jira; waan hidha isaa fakkaatuun ol waan akka sibiila finiinee ifutti jira. \v 3 Wonni nama fakkaatu sun waan harka namaa fakkaatu gara kiyya diriirsee rifeensa mataa kiyyaa qabe; Ayyaanni ol-gubba'aa fi lafa wodhakka'atti ol na fuudhee, addee fakkiin waaqa dharaa ta hinaaffaa kakkaachu dhaabbattu, gara balbala gara kaabaa ta seensuma badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa, mudhii Waaqaatiin gara Yerusaalemii na geesse. \p \v 4 Kunoo, ulfinni Waaqa Israa'elii, ka akka ani dhooqa Kebaariititti mudhi'iin dhaggee achi jiraayyu. \v 5 Achiin duuba Waaqi anaan, «Ee ilma namaa! Amma ati gara kaabaa ol ilaali!» jedhe; anille gara kaabaa ol ilaalee, seensuma karra gara addee ciinca'aatiin gara kaabaatitti fakkii waaqa dharaa ta hinaaffaa kakkaachu dhagge. \p \v 6 Ammalle Waaqi anaan, «Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii addee woyyittii tiyya irraa na fageessiisaaf, waan battii guddittii isaan asitti hujiisatti jiranu dhaggitaa? Ammalle battii guddittii tana caaltulle dhaggu'uu jirta» jedhe. \p \v 7 Inni gara seensuma badhinna dalleya keessaa na geesse; ani yennaa ilaale, dalleya dhaka'aa irra qowa tokkotti jiraayyu. \v 8 Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Dalleya dhaka'aa kana uri» jedhe; maarre anille yennaa ure seensuma takka dhagge. \v 9 Ammalle inni anaan, «Gara keessaa seeniitii, battii hantuu isaan asitti hujiisatti jiranu tana ilaali» jedhe. \v 10 Anille gara keessaa seenee ilaale; naannoo dalleya dhaka'aa san mara irratti wonni akka bineensota gadha'aan lafa irra lowanuutii fi wonni akka bineensota batti'ii marti, wonni akka waaqota dharaa ka Israa'elii marti irratti qiriixamaneeraniiyyu. \v 11 Jaarsoleen Israa'elii torbaatam fakkii san dura dhaabbataneeraniiyyu; ilmi Shaafaanii Yaazaaniyaalle odduu isaanii dhaabbateeraayyu; tokko tokkoon isaanii girgiraa harkatti qabataneeran; aarri hixaanaa hurrantaan foolee dansaa qabu girgiraa san keessaa ol ka'e. \v 12 Ammalle Waaqi anaan, «Jaarsoleen Israa'elii tokko tokkoon isaaniituu kolloo fakkii waaqota dharaa ka isaanii keessatti, dukkana keessatti waan isaan hujiisatti jiranu dhaggiteertaa? Isaan, ‹Mootiin Waan Maraa nu hin dhaggu; lafa tana lakkiseera› jedhan» jedhe. \p \v 13 Inni ammalle anaan, «Waan battii guddittii tana caaltu akka isaan hujanu ammalle dhaggu'uuf jirta» jedhe. \v 14 Achiin duuba inni gara seensuma karra dalleya Galma Mootii Waan Maraa ta gara kaabaa na geesse; ani achitti dubartoota teettee waaqa dharaa, ka, «Tamuz» jedhamuuf boottu dhagge. \p \v 15 Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Waan kana dhaggiteertaa? Waan battii tana caaltulle dhaggu'uu jirta» jedhe. \v 16 Ammalle inni gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka gara keessaa na geesse; kunoo, namooti gara diddamii shanii seensuma Galma Mootii Waan Maraa, wodhakkaa addee ciinca'aatii fi soro'oo dhaabbatanee, Galma Mootii Waan Maraatitti dudda galanee, gara aduun baatutti fuula galanee, adu'uuf sagadiisatti jiraniiyyu. \p \v 17 Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Waan kana dhaggiteertaa? Wonni battiin kolbaan Yihuda'aa asitti hujiisatti jirtu tun waan kasoo seetaa? Lafa tana hunnaan nama irratti ka'iisaan guutanee, yennaa mara akka ani aaru godhuu qabanii ree? Kunoo, isaan akka fedhane na arrassan. \v 18 Tanaaf ani mufi'iin isaan hin adaba; ani isaan hin hilu; isaan hin mararulle'e. Yennaa isaan gara kiyya iyyanelle, isaaniif hin dhage'u» jedhe. \c 9 \s1 Adabamiisa Yerusaalemii \p \v 1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa qoonqoo ifii ol qabatee, «Worri qachaa balleessiisaaf filantane martinuu, meya woraanaa qabadha'aatii as dhikaadha'a!» jedhee waamuun dhage'e. \v 2 Namooti jaa tokko tokkoon isaanii meya woraanaa harkatti qabatanee, karaa karra gubba'aa ta gara kaabaatiin dhufane; isaan woliin nami woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, subba meya woy ittiin barreessanu qabu fannifateeru tokko jiraayyu. Namooti jaanuu seenanee addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante bira dhaabbatane. \p \v 3 Achiin duuba ulfinni Waaqa Israa'elii, addee qara jiru dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irraa ka'ee, gara gulantaa Galmaa dhaqe; achiin duuba Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, subba meya waan woy ittiin barreessanu qabu fannifateeru san waamee, \v 4 «Qachaa Yerusaalemii keessa deddeemiitii, adda worra wonni battiin qachaa san keessatti waan hujanteef aadee bowu irratti mallattoo godhi» jedhe. \p \v 5 Ammalle adoo ani dhage'uu Mootiin Waan Maraa worra dhibi'iin, «Isinille isa gula deema'aatii qachaa san keessa deddeema'aatii ijjeesa'a. Hin hilina'a yookiin hin mararina'a. \v 6 Jaarsolee, dargaggeeyyii dhiiraatii fi durraa, ijoollee didiqqo'oo fi dubartii ijjeesa'a. Garuu worra adda ifii irratti mallattoo qabu tokkolle hin tuqina'a. Addee Woyyittii tiyya irraa jalqaba'a» jedhe. Maarre isaan jaarsolee Galma dura jiranuun jalqabane. \p \v 7 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa isaaniin, «Dhaqa'aatii Galma batteessa'a; reeffa badhinna Galmaa san guuta'aatii, achii deema'a» jedhe. Maarre isaan deemanee worra qachaa san keessa jiru ijjeesane. \p \v 8 Adoo isaan ijjeesiisatti jiranuu ani qofuu hafee, addaan lafatti gad gombifamee, «Maalo'o, Goottaa, Mootii Waan Maraa! Mufii teeti Yerusaalem irratti dhangalaasiisaan, worra Israa'elii ka baraaree hafe mara balleessaartaa ree?» jedhee iyye. \p \v 9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa deebisee, «Yakkaan kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa guddoo bacatteerti; latti worra dhiiga dhangalaasuun guutantee, qachaalle worra haqa dassuun guutameera; isaan, ‹Mootiin Waan Maraa lafa lakkiseera; inni hin dhaggu› jedhan. \v 10 Maarre ani waan isaan hujane mataa isaaniititti deebisa malee, isaan hin mararu, hin hilulle'e» jedhe. \p \v 11 Achiin duuba namichi woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, subba meya waan woy ittiin barreessanu qabu fannifateeru sun deebisee, Mootii Waan Maraatiin, «Waan ati na ajajje mara muummesseera» jedhe. \c 10 \s1 Ulfinni Waaqaa Galma Irraa Ka'e \p \v 1 Ani gubbaa gombobbittii mataa dada ol-gubba'aa ta koola qabanuun gubbaa jirtu ol ilaalee, mataa dada ol-gubba'aa ta koola qabanu gubba'aan wonni barcumaa mootumma'aa fakkaatu ka dooqa, «Safiiros» jedhamu irraa hujame tokko mudhate. \v 2 Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeruun, «Korboota dada ol-gubba'aa ta koola qabanu jala jiranu odduu seen; kashila odduu dada ol-gubba'aa ka koola qabu jiru irraa ooboo harka keetii guutadhuu hammaaradhuutii, qachaa irratti bittinneessi» jedhe. Namichille adoo ani dhagguu ol seene. \v 3 Yennaa namichi ol seene, dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu Galma keessa gara kibbaatiin dhaabbataneeraniiyyu; duumensille badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa guute. \v 4 Ulfinni Mootii Waan Maraalle dada ol-gubba'aa ka koola qabanu irraa ka'ee gara gulantaa seensuma Galma Waaqaa dhaqe; duumensille Galma Waaqaa guute; Badhinni dalleya keessaalle calalaqa ulfinna Mootii Waan Maraatiin guutame. \v 5 Huuruun koola dada ol-gubba'aa ka koola qabanuu, akka qoonqoo Waaqi Waan Mara Dande'u yennaa dubbatuu, haga badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti dhageessitte. \p \v 6 Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeru saniin, «Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu wodhakkaa korboota oddu'uu ibidda fuudhi» jedhee yennaa ajaje, inni yoosuma gara keessaa seenee korboo san keessaa takkattii bira dhaabbate. \v 7 Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san keessaa tokkochi harka ifii diriirsee ibidda odduu dada ol-gubba'aa ta koola qabanu jiru san irraa diqqaa isaa hammaaree, ooboo harka namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeruu san keessa keye; namichille ibidda san fudhatee gad baye. \p \v 8 Koola dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san jalaan wonni harka namaa fakkaatu tokko mudhate. \v 9 Anille kunoo, dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san biratti korboota afur dhagge. Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san tokko tokkooyyuu bira korboo tokko tokkotti jiraayyu; bifi korboota saniille akka dooqa, «Beerilos» jedhamuu calalaqa. \v 10 Bifi korboota san arfaniituu wol fakkaata; tokko tokkoon isaaniituu akka korboota wol keessa jiranuu ti. \v 11 Korbooti sun yennaa deemanu, adoo gara hin galin gara dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun deemanu gara arfanuu deeman. Korbooti fuula duraa gara dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu deemanu yennaa deemanu, korbooti tuun adoo gara hin galin korboota fuula duraa gula deeman. \v 12 Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san nafi isaanii martinuu duddi isaanii, harkii isaanii, koolli isaanii, korbooti isaaniille arfanuu naannoo irga ifii mara irraa ila hedduu qaban. \v 13 Korbooti sun, «Korboota konkolaattu» jedhantee waammantuun dhage'e. \p \v 14 Dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun tokko tokkoon isaanii fuula afur qaban; ka qaraa fuula kormaa\f + \fr 10:14 \fr*\fqa Fuula kormaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Fuula Kiruubelii\fqa*\ft jedha.\ft*\f*, ka lammeesso'oo fuula namaa, ka sadeesso'oo fuula neenqaa, ka arfeesso'oo ammoo fuula risa'aa qabaniiyyu. \v 15 Achiin duuba dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun ol ka'ane; isaan kun dada ol-gubba'aa ka koola qabanu afur ta ani laga kebaarii biratti dhagge san. \v 16 Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu sun yennaa deemanu, korbootille isaan cinaa deeman; dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu lafa irraa ol ka'iisaaf koola ifii yennaa badhifatanu, korbootille isaan biraa hin goranu. \v 17 Ayyaanummaan dada lubbuu qabanu keessa jiru sun, korboota san keessalle waan jiruuf, dadi lubbuu qabanu sun yennaa dhaabbatanu korbooti sunille hin dhaabbatan; dadi lubbuu qabanu sun yennaa lafa irraa ol ka'anu, korbooti sunille woliin ol ka'an. \v 18 Achiin duuba ulfinni Mootii Waan Maraa gulantaa seensuma Galma Waaqaa irraa ka'ee, addee dadi lubbuu qabanu jiranuun gubbaa dhaabbate. \v 19 Dadi ol-gubba'aa ka lubbuu qabanulle adoo ani dhagguu, koola ifii badhifatanee lafa irraa ol ka'anee deemane; korbootille cinaa isaanii deemane; isaan seensuma karra Galma Mootii Waan Maraa, ta gara aduun baatuutitti dhaabbatane; ulfinni Waaqa Israa'eliille isaaniin gubbaa jiraayyu \v 20 Dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu kun ka ani laga Kebaarii biratti Waaqa Israa'elii jalatti dhagge san. Anille akka isaan dada ol-gubba'aa ka koola qabanu te'ane beeke. \v 21 Tokko tokkoon isaanii fuula afurii fi koola afur qaban; koola isaanii jala wonni harka namaa fakkaatu tokko jiraayyu \v 22 Fuulli isaanii fuula dada ol-gubba'aa ka koola qabanu ka ani laga Kebaarii biratti dhagge woliin wol fakkaata; tokko tokkoon isaanii qajeelanee gara duraa deemane. \c 11 \s1 Yerusaalem Irratti Murante \p \v 1 Ayyaanni ol na fuudhee, gara seensuma karra Galma Mootii Waan Maraa ta gara aduun baatuu na geesse; achi seensuma karra sanii namooti diddamii shan jiran; odduu isaaniititti sooreyyii kolba'aa ilma Azurii Yaazaaniya'aa fi ilma Benaaya'aa Phelaatiyaa dhagge. \p \v 2 Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee ilma namaa! Namooti kun qachaa kana keessatti worra karoora hamaa baafatuu fi worra gorsa hamaa gorsu. \v 3 Isaan, ‹Yennaan nuuti mana ijaarru dhikaatteerti; qachaan kun okkote'e; nuutille akka foon okkotee keessa bulfatanuu ti› worra jedhu. \v 4 Tanaaf, ati raaga isaan irratti raagi; ee, ilma namaa itti raagi!» jedhe. \p \v 5 Achiin duuba ayyaanni Mootii Waan Maraa na irratti bu'ee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin kolbaan Israa'elii akkana jettanee yaadattan; waan gara yaada keessanii dhufe san anille beekeera. \v 6 Isin qachaa kana keessatti nama bacaa ijjeettaneertan. Karaa qachaa kanaa reeffaan guuttaneertan› jedhe. \p \v 7 «Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Worri isin ijjeettanee qachaa keessatti gattane foon; qachaan kunille okkote'e; ani ammoo qachaa kana keessaa isin hin baasa. \v 8 Isin shallaagaa sodaattaneertanii motii? Ani ammoo shallaagaa isinitti hin fida. Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. \v 9 Ani qachaa kana keessaa isin hin baasa; harka ormaalle'etti dabarsee isin kennee, isinitti hin mura. \v 10 Isin shallaaga'aan hin dhumattan; ani biyyuma teessan keessatti isinitti hin mura. Yennaa san isin ani Mootiin Waan Maraa akka te'e hin beettan. \v 11 Qachaan kun okkotee isiniif hin te'u; isinille isii keessatti foon hin teetanu; ani biyyuma teessan keessatti isinitti hin mura. \v 12 Yennaa san isin ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. Isin akka seera gosa biyya adda addaa ta adaala keessaniititti hujjane malee, akka seerata kiyyaatitti hin ideenne; seera kiyyalle'eef hin ajajanne› jedha» jedhe. \p \v 13 Ani raaga adoo dubbatiisatti jiruu, ilmi Benaaya'aa Phelaatiyaan du'e; anille fuulaan lafatti gad gombifamee, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa! Worra Israa'el keessatti baraaree hafe maraa ijjumaa fixu'uufii?» jedhe iyye. \s1 Waadaa Waaqi Worra Booji'aneef Gale \p \v 14 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 15 «Ee ilma namaa! Worri Yerusaalem keessa jiru, obboleeyyan teeti, firoottan keeti, kolbaa Israa'elii maraan, ‹Isaan Mootii Waan Maraa irraa fagaataneeran; latti tun qabeenna keenna akka teetu nu'uuf kennanteerti› jedhan. \p \v 16 «Tanaaf ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani isaan kaasee odduu gosa biyya adda addaa, biyya hedduu keessa isaan bittinneessulle, addee isaan dhaqanetti yennaa diqqo'oof addee woyyittii isaaniif te'eera jedha› jedhiin. \p \v 17 «Tanaaf ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani gosa biyya adda addaa biyya isaan itti bittinnowane keessaa isaan wolitti qabee, deebisee fidee, lafa Israa'elii deebisee isaaniif hin kenna. \v 18 Isaan yennaa achi deebi'ane, waan batti'ii fi waan diqachiisaa mara achi keessaa hin balleessan. \v 19 Ani akka isaan ijjumaa naaf addatamanu gadhaa addatamumma'aa isaaniif hin kenna; qalbii haareyalle isaan keessa hin keya. Gadhaa isaanii ka akka dhaka'aa isaan keessaa baasee, gadhaa isaanii ka foonii isaaniif hin kenna. \v 20 Achiin duuba isaan ajaja kiyya hin muummessan; seera kiyyalle hin eegatan; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a. \v 21 Worra gadhaan isaanii waan batti'ii fi waan diqachiisaa gula deemu ammoo ani Goottaan Mootiin Waan Maraa akka hujii isaaniititti isaan hin adaba jedheera› jedhi» jedhe. \s1 Ulfinni Waaqaa Yerusaalem irraa ka'e \p \v 22 Achiin duuba dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun koola ifii badhifatane; korbootille cinaa isaanii jiraniiyyu. Ulfinni Waaqa Israa'eliille isaaniin gubbaa jiraayyu. \v 23 Ulfinni Mootii Waan Maraa qachaa wodhakka'aa ka'ee, gaara qachaa irraa gara aduun baatu jiru gubbaa dhaabbate. \v 24 Ayyaanni ol na fuudhee, mudhii Ayyaana Waaqaatiin, gara worra booji'amee Baabilon keessa jiruu na geesse; achiin duuba mudhiin ani dhagge sun kaatee na irraa deente. \v 25 Anille waan Mootiin Waan Maraa natti mudhise mara worra booji'ametti hime. \c 12 \s1 Raagichi Fakkeennaan Booji'amiisa Mudhise \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Ati worra finqilaa odduu leeta; isaan worra finqilaa waan te'aneef, ila dhaggitu adoo qabanuu hin dhagganu; gurra dhage'u adoo qabanuu hin dhage'anu. \p \v 3 «Tanaaf, ee, ilma namaa! Meya fudhattee baatu qopheeffadhuutii, adoo isaan dhagganuu, guyya'aan akka nama booji'amee deemuutitti, addee jirtuu ka'iitii, gara addee dhibi'ii deemi. Isaan worra finqilaa akka te'ane hin hubatan fa te'a. \v 4 Akka nama booji'amee deemuu, adoo isaan dhagganuu guyya'aan meya keeti gad baafadhu; adoo isaan dhagganuu akka nama booji'amee deemuu galgalaan bayii deem. \v 5 Adoo isaan dhagganuu, dhaaba mana keeti ka dhaka'aa uriitii, meya keeti achiin baasi. \v 6 Adoo isaan dhagganuu meya keeti gurmu'utti kaafadhuutii, dimimmisaan ba'adhuu bayi. Ani Israa'elootaaf, beessisa waan si godheef, lafa akka hin dhaggine fuula keeti golladhuutii, dimimmisaan deemi» anaan jedhe. \p \v 7 Anille akkuma ajajame godhe; akka nama booji'amee bayuu galgalaan harkuma kiyyaan dhaaba manaa ka dhaka'aa uree, qowa saniin meya kiyya gad baafadhe; adoo isaan na dhagganuu meya kiyya gurmu'utti ba'adhee dimimmisaan ka'ee deeme. \p \v 8 Ganamaan jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 9 «Ee ilma namaa! Worri Israa'elii finqilaan sun, ‹Wonni ati hujiisatti jirtu kun maan?› jedhanee si hin gaafannee ree? \v 10 Ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kun qondaala Yerusaalem keessaatii fi kolbaa Israa'elii worra achi keessa le'u maraaf ergaa dabarte jedha› jedhiin. \v 11 Ati isaaniin, ‹Ani isiniif beessisa. Akkuma ani godhe kana isin irralle'etti hin godhanti. Isin booji'antanee hin ideentan› jedhiin. \v 12 Qondaalli odduu isaanii jiru meya ifii gurmu'utti ba'atee, dimimmisaan hin baya. Isaan akka inni urata san keessaan bayu dhaaba manaa ka dhaka'aa isaaf hin uran. Inni lafa akka hin dhaggine fuula ifii hin gollata. \v 13 Ani ammoo caccoo tiyya itti afee inni tiyyoo tiyyaan hin qabama. Ani gara qachaa Baabilonii ka lafa Kaldootaa isa geessa; garuu inni adoo qachaa san hin dhaggin achitti hin du'a. \v 14 Ani Tajaajiltoota isaatii fi loltoota isaa ka adaala isaa jiranu mara gara mara hin bittinneessa; ani shallaagaa buqqifadhee duubaan isaan hin ari'a. \p \v 15 «Yennaa ani gosa biyya adda addaatii fi biyya hedduu keessa isaan bittinneesse, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. \v 16 Te'uu malee, addee dhaqanetti waan diqachiisaa hujane mara odduu gosa biyya adda addaatitti akka dhugaa bayanu, anille Mootii Waan Maraa akka te'e akka beekanu, ani isaan keessaa worra diqqaa shallaagaa, beelaa fi dhukkuba jalaa akka miliqanu hin godha» jedhe. \s1 Beessisa Raagicha Sheephisuu \p \v 17 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 18 «Ee ilma namaa! Sheephisaa sagalee teeti nyaadhu; hollataa sodaataa bisaan keeti uni. \v 19 Kolbaa lafa tanaatiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Sababa hunnaan nama irratti ka'iisa worra isii keessa le'u maraatiin latti waan ontuuf, lafa Israa'elii worri Yerusaalem keessa le'u, sagalee ifii yaaddowaa hin nyaatan; bisaanille bararaqaa hin unan. \v 20 Qachooti nami keessa jiru hin diigaman; lattille ona hin teeti; yennaa san isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan jedha› jedhi» jedhe. \p \v 21 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 22 «Ee ilma namaa! Jechi isin marroo lafa Israa'eliitiif, ‹Barri achi dheerateera; mudhiin takkaalle hin muummottu› jettanu kun maan inni? \v 23 Tanaaf ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Jechi kun akka hafu hin godha; isaan Israa'el keessatti haganaa achi akka fakkeennaatitti hin dubbatanu jedha› jedhiin; ati ammoo isaaniin, ‹Kunoo barri mudhiin marti muummottu dhikaateera› jedhiin. \v 24 Haganaa achi mudhiin dharaa yookiin moruun sossobiisaa kolbaa Israa'elii keessa hin jiraattu. \v 25 Ani Mootii Waan Maraa waan te'eef, jecha dubbadhu hin dubbadha; jechi ani dubbadhe sunille dafee hin muummowa. Ee, isin worra finqilaa, waan dubbadhe maraa baruma keessan keessatti hin muummessa; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe. \p \v 26 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 27 «Ee ilma namaa! Kunoo, kolbaan Israa'elii, ‹Mudhiin inni dhaggu ta bara dheera'aan duuba teetu; raagi inni dubbatulle ka bara dheera'aan duuba te'u› jetti. \v 28 Tanaaf, ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Wonni ani dubbadhe marti hin teeti malee, haganaa achi hin turtu; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera jedha› jedhiin» jedhe. \c 13 \s1 Raaga Raagolee Dharaa Irratti Raagame \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Raagota Israa'elii worra raaga raagiisatti jiranu irratti raaga dubbadhu; worra yaaduma ifii keessaa raaga dubbatanuun, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin. \v 3 Mootiin Waan Maraa, raagota gowwoolee worra adoo waan tokkolle hin dhaggin, yaada ifii hordofee raaga dubbatuuf aanne'e. \v 4 Ee, kolbaa Israa'elii, raagoti teessan akka jeedala odduu bututa qacha'aa leetuu ti. \v 5 Guyyaa Mootiin Waan Maraa, lola te'u irraa hafee dhaabbachuu akka dande'u, gara dalleya cabee ol hin baane yookiin kolbaa Israa'eliitiif dalleya deebittanee hin ijaarre. \v 6 Isaan mudhii sobaa dhagganeeran; moruu dharaalle moriisatti jiran. Mootiin Waan Maraa adoo isaan hin ergin, isaan, ‹Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhaa, jecha isaanii akka inni muummessu eegatan. \v 7 Isin adoo Ani Mootiin Waan Maraa hin dubbatin, ‹Mootiin Waan Maraa akkana jedha› yennaa jettanu, isin worra mudhii sobaa dhaggee fi moruu dharaa moree motii ree?» jedhe. \p \v 8 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Dhara waan dubbattaneef, mudhii sobaalle waan dhaggitaneef, ani isinitti hin ka'a. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. \v 9 Harki kiyya raagota Mudhii sobaa dhagganuu fi moruu dharaa moranu irratti ka'eera. Isaan wolde'a kolbaa tiyyaa keessatti hin dhaggamanu; galmee kolbaa Israa'elii keessalle'etti hin barreeffamanu; lafa Israa'eliille'etti hin galanu; yennaa san ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. \v 10 Isaan nageenni adoo hin jiraatin, ‹Nageya› jedhaa kolbaa tiyya dokonkorsan; yennaa kolbaan dalleya dhaka'aa laafaa ijaarrattu, raagoti tun dalleya san jabaa fakkeessiisaaf halluu adii diban. \v 11 Tanaaf, worra halluu adii dibu saniin, ‹Bokkeenni baradaan hin dhufa; dhakaan bokkeyaa guddaan gad hin bu'a; bubbeen bokkeyaa hin bubbitti; dalleenni sunille hin jiga› jedhiin. \v 12 Dalleenni dhaka'aa sun yennaa jige, ‹Halluun adiin isin itti dibattane sun meerree?› jedhanee isin hin gaafatanuu ree?» jedha. \v 13 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Dalleenni sun jigee akka baduuf, ani mufii tiyyaan bubbee bokkeyaa hin erga; aarii tiyyaan bokkeya baradaa hin buusa; mufii tiyyaan dhakaa bokkeyaa guddaa hin roobisiisa. \v 14 Dalleya dhaka'aa ka isin halluu adii itti dibattane san hin jissa; haga hundeen isaa mudhattutti lafatti isa gad dhowa; yennaa dalleenni sun jigu isinille keessatti hin dhumattan; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. \v 15 Ani mufii tiyya dalleya sanii fi worra dalleya san halluu adii dibe irratti aarii tiyya hin baafadha; achiin duuba ani isiniin: dalleenni sunii fi worri dalleya san halluu adii dibe sun hin jiranu; \v 16 raagoti Israa'elii worri marroo Yerusaalemii raage, nageenni adoo hin jiraatin, ‹Nageya› jedhanee, mudhii nageyaa worri dhagge hin jiranu; tana ana Mootii Waan Maraatitti dubbate. \p \v 17 «Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara dubartoota kolbaa teetii worra qalbii ifii keessaa fuudhee raaga raaguu deebifadhu. Isaan irratti raagiitii, \v 18 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Lubbuu kolbaa tiyyaa adansiisaaf, dubartoota xanoo ifiitiif harka ifii mara irratti qudhaama hodhatanee, akka mataa nama adda addaatiif te'utti marata mata'aa qopheessanuuf aanne'e! Isin lubbuu kolbaa tiyyaa qaddanee, lubbuu teessan hamburattanii ree? \v 19 Isin garbuu ooboo takka'aatii fi daabboo baqaqa tokkoof jettanee, kolbaa tiyya worra soba isin dubbattanu dhage'anutti soba dubbatiisaan, namoota du'uuf hin malle ijjeettanee, namoota jiraatu'uuf hin malle akka jiraatanu gootanee, kolbaa tiyya oddu'utti maqaa kiyya batteessitane› jedha» jedhi. \p \v 20 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani qudhaama isin lubbuu akka simbirre'ee ittiin adansitanu san irratti ka'ee, harka keessan irraa cicciree, kolbaa isin akka simbirre'ee adansitanu san bilisa hin baasa. \v 21 Marata mata'aa san irraa cicciree kolbaa tiyya harka keessan jalaa hin baasa; haganaa achi isaan harka keessan jala hin galanu; isinille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. \p \v 22 «Worra balchaa ani addii hin kutachiisin, isin dharaan addii kutachiittanee, worri hamaan jiru'uun jiraatiisaaf cubbuu irraa akka hin deebine jajjabeessitaneertan. \v 23 Tanaaf, haganaa achi isin mudhii dharaa hin dhaggitanu; moruulle hin mortanu; ani kolbaa tiyya harka keessan keessaa hin baasa; yennaa san ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan» jedha. \c 14 \s1 Worra Waaqota Dharaa Waaqonfatu Irratti Hin Muranti \p \v 1 Jaarsoleen kolbaa Israa'elii gariin gara kiyya dhufanee, fuula kiyya dura tee'ane. \v 2 Jechi Mootii Waan Maraalle gara kiyya dhufee, \v 3 «Ee ilma namaa! Jarri tun qalbii ifii waaqota dharaatiif kennaneeran; yakki isaanii akka isaan duratti gufuu te'u godhaneeran. Maarre ani akka isaan waan tokko na gaafatanu godhuu qabaa ree? \v 4 Tanaaf, ati isaanitti dubbadhuutii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa Israa'elii mara keessaa nami qalbii ifii waaqota dharaatiif kenneeru, ka yakki gufuu itti te'eeru tokko, gara raagichaa yoo dhufe, ani Mootiin Waan Maraa akka bacinna waaqota dharaa isaatitti deebii isaaf hin kenna. \v 5 Isaan martinuu karaa waaqota dharaa ka ifiitiin na lakkisaneeran; ani qalbii kolbaa Israa'elii mara gara kiyya deebifatiisaaf tana godha› jedha. \p \v 6 «Tanaaf, ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Cubbuu teessan irraa deebi'a'aatii, waaqota dharaa keessan lakkisa'a! Hujii teessan battii san mara irraa deebi'a'a! \p \v 7 « ‹Kolbaa Israa'elii mara keessaa yookiin worra ormaa ka odduu isaanii jiru mara keessaa nami tokko waaqota dharaatiif qalbii ifii kenniisaan, ka yakki gufuu itti te'eeru tokko, karaa raagichaatiin waan tokko na gaafatiisaaf gara raagichaa yoo dhufe, ani Mootiin Waan Maraa ifumaaf deebii isaaf hin kenna. \v 8 Ani nama sanitti fuula hin hammaadha; nama ittiin mammaakanu isa hin godha; kolbaa tiyya keessalle'ee isa hin baasa; isinille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. \p \v 9 « ‹Raagichi sun sobamee raaga yoo dubbate, ka raagicha san sobe ana Mootii Waan Maraa ti; ani harka kiyya isa irratti diriirsee, kolbaa tiyya Israa'el keessaa isa hin balleessa. \v 10 Raagichi akkuma namicha woy isa gaafatiisa dhufee san yakkaamessa hin te'a; isaan lamaanuu woluma qixxee hin adabaman. \v 11 Kolbaan Israa'elii haganaa achi ana irraa hin gortu; yakkaa ifii maralle'een deebitee ifi hin batteessitu; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a jedha; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera› jedhi» jedhe. \p \v 12 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 13 «Ee ilma namaa! Biyyi takka addatamuu dhabiisaan cubbuu na irratti yoo hujje, ani harka kiyya isii irratti diriirsee, sagalee irraa kutee beela itti hin buusa; namaa fi horiille isii irraa hin balleessa. \v 14 Dhiirti sadiin tun Nohi, Daani'elii fi Iyoob fa'a isii keessa adoo jiraatanelle'ee balchummaa ifiitiin lubbuu ifii qofa baafatan; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera. \p \v 15 «Ani biyya san keessa bineensa hamaa ergee, bineensi sun ijoollee fixee, sababa bineensa hamaa sanii nami tokkolle isii keessa dabaruu dhabee, biyyi sun yoo onte, \v 16 dhiirti sadiin sun isii keessa adoo jiraattelle'ee, ani jiraata'a! Isaan lubbuu ifii qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; lattille ona hin teeti. Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera. \p \v 17 «Yookiin ani biyya sanitti shallaagaa fidee, namaa fi bineensalle shallaaga'aan biyya san irraa yoo fixe, \v 18 dhiirti sadiin sun biyya san keessa adoo jiraattelle'ee, ani jiraata'a! Isaan ifi qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera. \p \v 19 «Yookiin biyya sanitti dhukkuba buusee, mufii tiyya itti dhangalaasiisaan ijjeesee namaa fi bineensa isii irraa yoo fixe, \v 20 Nohi, Daani'elii fi Iyoobille isii keessa adoo jiraatanelle'ee, balchummaa ifiitiin lubbuma ifii qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera. \p \v 21 «Goottaan Mootiin Waan Maraa: Namaa fi bineensalle isii irraa balleessiisaaf, shallaagaa, beela, bineensa hama'aa fi dhukkuba muraa tiyya hantuu arfan tana Yerusaalem irratti yennaa fidu attam attam irra caalaa hantu'u ree! \v 22 Te'uu malee, kunoo, worri jiru'uun Yerusaalem keessatti hafanu ijoolleen dhiiraatii fi durraa hin jiran; yennaa isaan gara keessan dhufanu, isin akka isaan itti le'anuu fi hujiin isaanii hantuu akka teete yennaa dhaggitane, balaa ani Yerusaalem irratti fide, waan hantuu ani isii irratti godhe mara irraa hin jajjabaattan. \v 23 Isin akka isaan itti le'anuu fi hujiin isaanii hantuu akka teete yennaa dhaggitane hin jajjabaattan; wonni ani achi keessatti godhe martille sababa malee akka hin te'in hin beettan. Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera» jedhe. \c 15 \s1 Yerusaalem, Muka Woyni'ii Ka Bu'aa Hin Qannetti Fakkeeffante \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Muki woyni'ii muka dhibii, dameeleen isaa dameelee mukoota badda'aa attamiin caala? \v 3 Waan tokko ittiin hujiisaaf muki muka woyni'ii irraa muramee beekaa ree? Nami meya tokko itti fannifatiisaaf hookkoo isa irraa muratee beekaa? \v 4 Akka qoraanii ibiddatti naqameen duuba, ibiddi qaccee isaa lamaanuu gubee fixee, wodhakkaa isaalle yennaa xaa'ileesse, muki woyni'ii sun waan tokko ittiin hujiisaaf bu'aa hin qabaa ree? \v 5 Kunoo, adoo hin gubatinuu muki woyni'ii sun womaa bu'aa hin qabu. Ibiddi gubee yennaa xaa'ileesse fa'a irra caala'aayyuu ka bu'aa hin qanne te'a. \p \v 6 «Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani akkuma mukoota badda'aa keessaa, muka woyni'ii qoraaniif tolche, kolbaa Yerusaalemiille akkasuma hin tolcha. \v 7 Ani isaan loliisaaf fuula kiyya gara isaanii hin deebifadha. Isaan ibidda jalaa miliqanulle ibiddumatti isaan fixa; yennaa ani isaan loliisaaf fuula kiyya gara isaanii deebifadhu, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. \v 8 Waan isaan naaf addatamuu diddaneef, anille lafa isaanii hin onsa› jedhee Mootiin Waan Maraa dubbateera» jedhe. \c 16 \s1 Yerusaalem Addatamummaa Dhadde \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Hujii isi'ii battittii Yerusaalemitti himi; \v 3 Goottaan Mootiin Waan Maraa, Yerusaalemiin, ‹Hundee teetiin, dhaloota keetiin ati nama lafa Kana'aanii ti; abbaan keeti nama Amoorotaa ti; haati teetille worra Heetotaa ti. \v 4 Ati gaafa dhalatte hin handhuranne; akka qulqulloottuufille bisaaniin hin dhiqanne; sooddalle'een hin sukkuumanne; woyaalle'een hin maranne. \v 5 Ati gaafa dhalatte san waan jibbatanteef, diidatti gatante malee, nami ila mararti'iitiin si ilaalee, waan kana keessaa tokkumalle ka si'iif godhe hin jiru. \p \v 6 « ‹Ani yennaa achiin dabaru ati dhiiga keeti keessa irkattee dhidhiitattuun si dhaggee, ati dhiiga keeti san keessa adoo jirtuu: Jiraadhu! Siin jedhe. \v 7 Ani akka lattuu diida keessaa si guddise. Ati guddattee dheerattee, durra geettuu dansittii teete; harmi keetille guntutee, rifeensi mataa keetiille guddateera; garuu ati qullaa akkuma gadhaa haadha teetii keessaa baateen jirta. \p \v 8 « ‹Ani ammalle yennaa achiin dabaru, kunoo ati intala kadhatamuu geette akka teete si dhaggee, si fuudhiisaaf woyaa tiyya sitti uffisee nafa keeti qullaa san gollee, ani si'iif kakadhee, si woliin gondooroo godhadheera: ati tiyya teeteerta jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa. \p \v 9 « ‹Achiin duuba ani bisaaniin si dhiqee, dhiiga keeti irraa si qulqulleessee, zayitii ejersaalle si dibe. \v 10 Akkasuma woyaa nama hujii harkaa beekuun kuulantee dhowante sitti uffisee, kophee gogaa dansaa irraa hujante sitti keyee, woyaa quncee talba'aa dansa'aa fi haarrii irraa hujantelle sitti uffise. \v 11 Faayaan si seesee, irmuura sitti keyee, morma keetitti dirata dire. \v 12 Funnaan keetille'etti qubee, gurra keetille'etti qubee gurraa, mataa keetille'etti kallacha dansaa keye. \v 13 Ati worqi'ii fi meeti'iin akkas seefante; woyaan teeti ta quncee talba'aa dansaa irraa hujantee fi ta haarri'iin nama hujii harkaa beekuun kuulantee dhowante. Ati bullaa dansa'aa fi damma, zayitii ejersaalle nyaatte; akka malee shaggittii teetee giittii te'iisaaf kaate. \v 14 Arnyi ani sii kenne shaggummaa teeti guutuu waan godheef, shaggummaa teetiin gurri keeti gosa biyya adda addaa oddu'utti beekkame jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa. \p \v 15 « ‹Ati ammoo shaggummaa teetitti addattee, sababa gurra keetiitiin nama karaa san dabaru mara woliin sagaagalte. Shaggummaan teeti ta nama karaa deemu maraa teete. \v 16 Ati woyaa teeti keessaa garii fuutee, galma addee waaqonfanna'aa ka ittiin sagaagaltu seefatte. Wonni akkasii kun tanaan dura ijjumaa te'ee hin beeku; gara duraalle ijjumaa te'iisaaf hin malle. \v 17 Ati dooqa dansaa keeti ka worqi'ii fi meetii tiyya irraa hujame ka ani sii kenne sanille fuutee, waaqota dharaa ka fakkii dhiiraa hujattee isaan woliin sagaagalte. \v 18 Ati woyaa teeti ta nama hujii harkaa beekuun kuulantee dhowantelle isaanitti uffisiisaaf fuutee, zayitii ejersaa tiyyaa fi hixaana kiyya isaan dura keette. \v 19 Ammalle akka ati nyaattuuf sagalee ani sii kenne, bullaa qamadi'ii dansaa, zayitii ejersaatii fi damma, kennansa foolee dansaa qabu gootee isaan dura keette; wonni akkasii kun te'eera jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa. \p \v 20 « ‹Sagaagalummaan teeti akka malee sitti diqqaannaan, ijoollee dhiiraatii fi ta durraa ta anaaf deettelle fuutee, akka nyaatamanuuf, waaqota dharaa keetiif ciincessitee, \v 21 ijoollee tiyya qaltee waaqota dharaa keetiif ciincaa dhikeessitee ree? \v 22 Hujii teeti ta battumma'aatii fi ta sagaagalumma'aa tana maraan, bara dargaggummaa teetii ta qullaa teeti akka gadhaa haadha teetii keessaa baatetti dhiiga keessa irkattee dhidhiitattu san hin qaabanne. \p \v 23 « ‹Aanne'e, si'iif Aanne'e!› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa; waan hantuu tana mara gooteen duuba, \v 24 ati addee waaqonfanna'aa ifiif ijaarrattee, badhinna qachaa keessaa mara keessatti addee waaqonfanna'aa ifiif qopheeffatte. \v 25 Qaccee kara'aa maratti addee waaqonfanna'aa teeti ijaartee, shaggummaa teeti batteessitee, worra karaa san dabaru maraaf ifi kennitee, sagaagalummaa teeti baceessite. \v 26 Ati aari'itti na kakkaasiisaaf, worra ollaa keetii ka halchaa sagaagalaatiin guutamane, worra Gibxi'ii wolille'een sagaagalte. \v 27 Kunoo, tanaaf, ani si adabiisaaf harka kiyya diriirsee, diinota keeti worra joljolaa, ijoollee durraa ta Filisxeemotaa ta sababa hujii teeti ta sagaagalaatiin qaaneffatanetti dabarsee si kenneera. \v 28 Ati waan hin quufiniif, worra Asoorii wolille'een sagaagalte; isaan wolille'een adoo sagaagaltuu haga ammaa sagaagala quufuu hin dandeenne. \v 29 Ati lafa daldaltootaa worra Kaldootaa wolille'een sagaagala keeti baceessite; ati worra kana wolille'een sagaagala quufuu hin dandeenne. \p \v 30 «Ati akka dubartii sagaagaltittii hin qaaneffannee, tana mara yennaa gootu yaadi keeti attam attam dadhaba'a ree? Jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \v 31 Ati qaccee kara'aa maratti addee waaqonfanna'aa teeti ijaarrattee, badhinna qachaa keessaa maratti addee waaqonfanna'aa teeti qopheeffatteerta. Garuu ati akkuma dubartii sagaagaltittii takkaa, kaffaltii fuudhuu hin barbaanne. \v 32 Ati akka niitii gaarayyeeffattuu abbaa manaa ifii caalaa alagaa halchituu ti. \v 33 Dhiirti dubartoota sagaagaltoota maraaf beesee kenniti; ati ammoo akka isaan karaa maraa dhufanee si woliin sagaagalanu, gaarayyoota teetiif beesee safu'uu isaaniif kennita. \v 34 Maarre ati sagaagala keetiin dubartoota dhibii irraa adda teeteerta; nami sagaagaluu barbaadu ka si gula deemee si sossobatu hin jiru; ati ka si woliin sagaagaluuf beesee kennitaaf malee, ka beesee si'iif kennu hin jiru; tanaaf ati dubartoota dhibii irraa adda. \s1 Muraan Waaqaa Yerusaalem Irratti \p \v 35 «Tanaaf, ee, sagaagaltitti'i, jecha Mootii Waan Maraa dhage'i! \v 36 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Halchaa sagaagalaatiin gubattee, worra si jaalatu woliin adoo sagaagaltuu nafa keeti qullaa waan mudhitteef, waaqota dharaa keeti diqachiisaa san maraaf dhiiga ijoollee teetii ciincaa waan dhikeessiteef, \v 37 tanaaf ani kunoo gaarayyoota teeti worra ati woliin gammaddu mara, ka ati jaalattee fi ka ati jibbitelle adaala maraa wolitti qabee nafa qullaa keeti akka isaan dhagganuuf, woyaa sirraa mulqee isaan duratti qullaa si hambura. \v 38 Ani muraa dubartoota gaarayyeeffatootaa fi dubartoota nama ijjeettetti mure, si'itti hin mura; ani hinaaffaa tiyyaa fi mufii tiyyaan du'aan si hin adaba. \v 39 Ani harka worra si jaalatuu sanitti dabarsee si kennee, isaanille addee waaqonfanna'aa teetii addee ati waaqota dharaa itti waaqonfattu diigee hin balleessa; woyaa teetii fi dooqa keeti mara si irraa mulqanee, qullaa si hin hamburan. \p \v 40 « ‹Isaan gumii dhaka'aan si tumanu sitti hin kakkaasan; isaan shallaagaa ifiitiin si hin kukkutan. \v 41 Isaan mana keeti mara ibiddaan hin guban; gumii dubartootaa duratti sitti hin muran; ani akka ati sagaagalummaa lakkittu si hin godha; haganaa achi worra si jaalatuuf gatii hin kaffaltu. \v 42 Achiin duuba aariin tiyya baatee, ani si hinaafiisa hin lakkisa. Ani hin cadhisa; deebi'eelle hin aaru. \v 43 Ati hujii diqachiittuu hujje tana maraan na aarsitee, waan ani yennaa dargaggummaa teetii sii godhe waan hin qaabatiniif, ani gatii cubbuu teetii mara sii kaffaleera. Ati battummaa teeti mara irratti sagaagalummaalle hin dabalannee ree?› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \p \v 44 «Ee, Yerusaalem! Kunoo nami mammaaku marti: Intaltille akkuma haadhaa ti jedhaa si'iin hin mammaaka. \v 45 Ati intala akka haadha teeti ta abbaa manaa ifiitii fi ijoollee ifii diqattee ti; ati akka obboleeyyan teeti durraa, ta abbaa manaa ifiitii fi ijoollee ifii diqatanee ti; haati teessan intala worra Heetotaa ti; Abbaan keessanille nama worra Amoorotaa ti. \p \v 46 «Obboleettiin teeti angafittiin, ijoollee ifii ta durraa woliin si irraa gara kaabaa jirtu, Samaariya'a; obboleettiin teeti maandhittiin, ta ijoollee ifii ta durraa woliin si irraa gara kibbaa jirtu, Sodoom. \v 47 Atille karaa isaanii hordofattee hujii isaanii diqachiittuu san hujiisa qofa adoo hin te'in, yennaa gabaadduu keessatti karaa keeti maraan isaan caalaa waan badduu hujje. \p \v 48 «Ani dhugumaan jiraata'a! Obboleettiin teeti Sodoomii fi ijoolleen isi'ii ta durraa, akka atii fi ijoolleen teeti ta durraa hujjane hin hunye, jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \v 49 Yakki obboleettii teeti Sodoomii kana: isi'ii fi ijoolleen isi'ii ta durraa hin kooran; sagalee bacaa, qananummaalle adoo qabanuu, worra rakkata'aa fi worra hiyyeeyyii hin qarqaarre. \v 50 Isaan ifi jajanee, waan na diqachiisu mara fuula kiyya duratti hujane. Maarre ani yennaa waan kana dhagge, isaan achii balleesse. \p \v 51 «Samaariyaan gamisa cubbuu ati hujjeeyyuu hin hunye. Ati isaan caalaa waan diqachiittuu waan hujjeef, waan diqachiittuu hujje kana maraan isaan balchoolee fakkeessite. \v 52 Tanaaf ati isaan caalaa waan diqachiisu hujjee, cubbuu teetiin akka isaan balchoolee fakkaatanu waan gooteef, salphinna uffadhu! Cubbuun ati hujje guddoo ka diqachiittu waan teeteef, isaan si caalaa balchoolee fakkaataneeran. Maarre obboleeyyan teeti ta durraa akka isaan balchoolee fakkaatanu waan gooteef, qaaneffadhuutii, salphinna keeti uffadhu. \p \v 53 «Te'uu malee, ani boojuu qananummaa sodoomiitii fi ta ijoollee isi'ii ta durraa, qananummaa Samaariya'aatii fi ta ijoollee isi'ii ta durraa yennaa deebisu qananummaa teetille ta isaanii woliin hin deebisa. \v 54 Ati waan goote kana maraan cubbu'utti waan isaan jajjabeessiteef, salphinna keeti hin uffatta; hin qaanottalle'e. \v 55 Obboleettiin teeti Sodoom ijoollee ifii ta durraa woliin akka duriititti hin deebi'an; Samaariyaalle ijoollee ifii ta durraa woliin akka duriititti hin deebi'an; atii fi ijoolleen teeti ta durraalle akka duriititti hin deebitan. \v 56 Ati bara ifi jajju san obboleettii teeti Sodoom maqumaayyuu hin dhoonne. \v 57 Ati adoo hammeenni keeti hin mudhatiniin dura tana gootee motii ree? Amma ammoo atille ijoollee durraa ta Edoomiitii\f + \fr 16:57 \fr*\fqa Edoom: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Aaram \fqa*\ft Jedha\ft*\f* fi worra adaala isi'ii maraaf, ijoollee durraa ta Filisxeemotaatii fi worra adaala isi'ii maraaf waan murgo'oo teeteerta. \v 58 Ati gatii sagaagalummaa teetiitii fi hujii diqachiittuu teetii ta akka dubartii sagaagaltitti'ii san fudhadhu, jedha Mootiin Waan Maraa. \s1 Gondooroo Mootii Waan Maraa Ta Bara Baraa \p \v 59 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati Gondooroo diigiisaan, kakuu tiyya waan tuffatteef, akkuma hujii teetiititti gatii si'ii hin kenna; \v 60 te'uu malee, Gondooroo tiyya ta bara dargaggummaa teetii woliin gondooradhe hin dedhu; Gondooroo haga bara baraa si'iif hin godha. \v 61 Gondooroo si woliin godhadheef, adoo hin te'in, obboleeyyan teeti ta durraa angafitti'ii fi maandhittii akka isaan ijoollee teeti ta durraa isi'iif te'anu yennaa ani si'iif kennu, ati hujii teeti ta durii yaadattee hin qaaneffatta. \v 62 Ani Gondooroo si woliin hin gondooradha; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta; \v 63 Ani waan ati hujje maraaf yennaa si'iif araarame, ati hujii teeti qaabattee waan qaaneffattuuf, sababa salphinna keetiitiif, deebitee afaan keeti hin seeqattu› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhe. \c 17 \s1 Mammaassa Risa'aa Fi Muka Woyni'ii \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Ati hiibboo hiibbifadhuutii, kolbaa Israa'eliititti mammaassaan dubbadhu; \v 3 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Risaan guddaan ka koola gudda'aa fi baala dhedheeraa dansaa bifa adda addaa qabu tokko gara gaara Libaanonii dhufee, qaccee hindheensaa qabate. \v 4 Inni qaccee san irraa kutee, lafa daldaltootaatitti geessee, qachaa daldaltootaa keessa keye. \v 5 Achiin duuba inni lafa Israa'elii keessaa sanyii fuudhee, lafa dansaa, addee bisaan guddaan jiru biratti akka muka laga qarqaraa tokkootitti dhaabe. \v 6 Sanyiin yennaa latte muka woyni'ii gabaabaa banqaaqaa teete. Dameen isaalle garuma isaa deebite; hiddi isaalle isuma jalatti hafe; maarre inni muka woyni'ii te'ee dameelee baca'aa fi baala bacaa yaafate. \p \v 7 « ‹Ammalle risaan guddaan dhibiin ka koola gugurda'aa fi baala bacaa qabu dhufe; kunoo, muki woyni'ii sun akka inni bisaan isa obaasuuf, addee itti dhaabame sanii dameele'ee fi hidda ifii gara risaa sanii diriirfate. \v 8 Muki woyni'ii sun dameelee hedduu baasee midhaan akka buusu, muka woyni'ii dansaalle akka te'uuf, lafa dansaa irratti addee bisaan guddaan jiru biratti dhaabbameeraayyu› jedha. \p \v 9 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Muki woyni'ii kun hin oshobaa ree? Hiddi isaa buqqifamee, midhaan isaa irraa harcaafamee, dameeleen isaalle akka goggoganu hin godhamuu ree? Dameeleen isaalle hin goggogan; hidda isaalle buqqisiisaaf, irree jadduu yookiin nama hedduu hin barbaachisu. \v 10 Kunoo, addee tana irraa buqqifamee addee dhibi'itti yoo dhaabame hin oshobaa ree? Qilleensi o'aan karaa aduun baatuu yennaa isa dhowe, addee itti oshobe sanitti ijjumaa hin qooruu ree?› jedha» jedhe. \s1 Hiikkaa Waan kanaa \p \v 11 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 12 «Ati worra finqilaa kanaan, ‹Isin hiikkaa waan kanaa hin beettanii ree? Kunoo, mootiin Baabilonii gara Yerusaalemii dhufee, mootii isi'iitii fi qondaaltota isi'ii booji'ee fudhatee Baabilonitti hin deebi'a. \v 13 Inni sanyii mootota Yihuda'aa keessaa tokkocha fuudhee isa woliin gondooroo godhatee, isa kakachiisee, isa woliin sooressitoota Yihuda'aalle fudhatee deeme. \v 14 Mootiin sun mootummaan Yihuda'aa gad jettee, adoo ol ifi hin qabin gondooroo mootii Baabilonii san jabaattee akka eegattuuf tana godhe. \v 15 Mootiin Yihuda'aa ammoo mootii Baabilonii irratti finqila kaasee, fardoole'ee fi loltoota bacaa akka isaaf kennanu ergantoota gara Gibxi'ii erge. Tun isaaf hin milkoottii ree? Nami waan akkasii godhe miliquu hin dande'aa ree? Gondooroo san diigee, miliquu hin dande'aa ree?› jedhi. \p \v 16 «Ani jiraataa, Goottaa Mootii Waan Maraa ti! Mootiin Yihuda'aa kun biyya Baabilonii biyya mooticha isa mootonsetti, kakuu isaa san tuffatee, gondooroo isa woliin godhate waan diigeef, inni biyya baabilonii keessatti hin du'a. \v 17 Worri Baabilonii namoota bacaa ijjeesiisaaf kaabii dalleya dhaka'aatitti marsanee yennaa ijaaranu, mootiin Gibxi'ii loltoota ifii guddo'oo fi kolbaa bindillaa ifii woliin dhufee loliisaan isa qarqaaruu hin dande'u. \v 18 Inni kakuu san tuffatee, gondooroo san diigeera. Kunoo, inni wolii galtee san diigee waan kana mara waan godheef, adabbii jalaa miliquu hin dande'u. \v 19 Tanaaf, ani jiraataa, Goottaa Mootii Waan Maraa ti! Kakuu tiyya ta inni tuffatee fi gondooroo tiyya ta inni diige san mataa isaatitti hin deebisa. \v 20 Ani caccoo tiyya isa gubbaa diriirsee, inni tiyyoo tiyyaan hin qabama; waan naaf addatamuu dhabeef gara baabilonii isa geessee, achitti itti hin mura. \v 21 Loltooti isaa worri beekkamane ka baqatiisatti jiranu marti shallaaga'aan hin ijjeefaman; worri jiru'uun hafelle gara mara hin bittinnowan; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan; ani tana dubbadheera» jedhe. \p \v 22 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Ani ifuma kiyyaan qaccee hindheensa dheera'aa san irraa quunxoo kutee hin dhaaba; quunxoo san keessaa kichuu tokkocha fuudhee, ifuma kiyyaan gaara ol aanaa dheeraa irratti hin dhaaba. \v 23 Ani gaara Israa'elii ol aanaa irratti isa hin dhaaba; inni achitti dameelee bacaa baasee, midhaanille buusee, hindheensa guddaa dansaa hin te'a. Sinbirreen gosa adda addaa marti isa jala hin leeti; gaaddisa dameelee isaa keessalle'etti mana hin ijaarratti. \v 24 Yennaa san muki badda'aa marti akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan; ani muka dhedheeraa hin gaggabaassa; muka gaggabaabaa hin dhedheeressa; muka bibbisilee hin goggossa; muka goggogaa bisilee hin tolcha; ani Mootiin Waan Maraa dubbadheeraa, waan dubbadhe kana hin tolcha» jedhe. \c 18 \s1 Lubbuun Cubbuu Hujju Hin Duuti \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Marroo lafa Israa'eliitiif, mammaassi isin itti deddeebitanee, ‹Abbootiin midhaan woyni'ii dhangaggowaa nyaatte; ilkaan ijoolle'ee tutume› jettanu kun maan inni? \p \v 3 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Dhugumaan ani Goottaa Mootii Waan Maraa jiraata'a! Isin haganaa achi lafa israa'elii keessatti mammaassa kana hin mammaattanu. \v 4 Lubbuun nama maraa tiyya; lubbuun abba'aa akkuma tiyya teete, lubbuun ilmaalle tiyya; lubbuun cubbuu hujju hin duuti. \p \v 5 « ‹Nami balchaan tokko waan haqaatii fi dhuga'aa yoo huje, \v 6 inni waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraatitti dhikaate hin nyaatu yookiin gara waaqota dharaa ka Israa'elii hin ilaalu; niitii namaa batteessu yookiin dubartii aadaan dubarti'ii irra jirtu bira hin gewu. \v 7 Inni waan qaddii qabate nama liqeeffate saniif hin deebisa malee, nama tokkolle hin cunqursu; nama hin saamu; ka beeloteef sagalee kenna; ka daare woyaa itti uffisa. \v 8 Dhalaan hin liqeessu yookiin dhala bacaa hin fudhatu; inni harka ifiitiin cubbuu hin huju; namaa fi nama wodhakka'atti muraa dhuga'aatii fi haqaa mura. \v 9 Inni seerata kiyya gula deema; seera kiyya addatamumma'aan eegata; inni balcha'a; dhugumaan inni lubbu'uun hin jiraata› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \p \v 10 «Te'uu malee, namichi sun ilma hunnaan nama irratti ka'u ka dhiiga namaalle dhangalaasu, ka waan kana keessaa takkattiille huju yoo uumate, \v 11 ta abbaan sun waan kana keessaa tokkolle hin hujin, ilmi isaa ammoo waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraa irratti dhikaate yoo nyaate, niitii namaalle yoo batteesse, \v 12 hiyyeessaa fi rakkataa yoo cunqurse, yoo saame, qaddii qabate yoo deebisuu dhabe, gara waaqota dharaa yoo ilaale, waan diqachiisu yoo huje, \v 13 dhalaan yoo liqeesse, dhala bacaalle yoo fudhate, nami akkasii kun dhugumaan lubbu'uun hin jiraataa ree? Inni hin jiraatu; inni waan diqachiittuu tana mara waan hujeef, dhugumaan hin du'a; dhiiga ifiitiif isumatti itti gaafatama. \p \v 14 «Ilmi kun ilma yoo uumate, ilmi isaa kun cubbuu abbaan isaa huje mara ilaalee, cubbuu akka abbaa ifii yoo hin hujin, \v 15 waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraa irratti dhikaate yoo hin nyaatin, gara waaqota dharaa ka Israa'elii yoo hin ilaalin, niitii namaa yoo hin batteessin, \v 16 nama yoo hin cunqursin yookiin liqaa kenniisaaf qaddii yoo hin fudhatin, yoo hin saamin, ka beeloteef sagalee ifii yoo kenne, ka daare yoo uffise, \v 17 harka ifiitiin cubbuu yoo hin hujin, dhalaan yoo hin liqeessin, dhala bacaa yoo hin fudhatin, seera kiyya yoo eegate, seerata kiyyalle yoo hordofe, inni dhugumaan lubbu'uun jiraata malee sababa cubbuu abbaa isaatiif hin du'u. \v 18 Abbaan isaa ammoo karaa haqa hin te'iniin beesee namaa waan fudhateef, nama ifii waan saameef, kolbaa ifii keessatti waan dansaa hin te'in waan hujeef, kunoo inni cubbuu ifiitiin hin du'a. \p \v 19 «Isin, ‹Ilmi sababa cubbuu abbaa ifiitiif maaf hin adabamin ree?› jettan. Ilmi isaa haqaa fi waan sirrii te'e waan hujeef, seerata kiyya mara waan eegateef, inni dhugumaan lubbu'uun hin jiraata. \v 20 Lubbuun cubbuu hujje isiin hin duuti; ilmi cubbuu abba'aatiif, abbaalle cubbuu ilmaatiif hin adabamin. Balchummaan balcha'aaf laakkowantuu ti; hammeennille hama'aaf laakkowamuu ti. \p \v 21 «Nami hamaan cubbuu ifii huje mara irraa deebi'ee seerata kiyya yoo eegate, waan haqa te'ee fi waan sirrii te'e maralle yoo huje, inni dhugumaan lubbu'uun jiraata malee hin du'u. \v 22 Cubbuun inni huje marti itti hin laakkowantu; inni balchummaa waan hujeef lubbu'uun hin jiraata. \v 23 Nami hamaan hammeenna ifii irraa deebi'ee akka lubbu'uun jiraatu malee, ani dhugumaan du'a isaatitti hin gammadaa ree? Jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \p \v 24 «Nami balchaan tokko ammoo balchummaa ifii irraa deebi'ee, waan diqachiisu ka nami hamaan huju mara yoo huje lubbu'uun hin jiraataa ree? Inni addatamummaa dhabee cubbuu waan hujeef, hin du'a malee, balchummaa inni huje marti isaaf hin laakkowantu. \p \v 25 «Isin ammoo, ‹Karaan Gootta'aa qajeela'a moti› jettan; ee kolbaa Israa'elii! Na dhage'a'a; karaan kiyya qajeela'aa motii ree? Ka qajeelaa hin te'in karaa keessanii motii ree? \v 26 Nami balchaan balchummaa ifii irraa deebi'ee cubbuu yoo huje cubbuma saniin hin du'a; sababa cubbuu huje saniitiif hin du'a. \v 27 Nami hamaalle cubbuu ifii irraa deebi'ee haqaa fi waan sirrii te'e yoo huje, lubbuu ifii hin baafata. \v 28 Inni cubbuu huje san mara hubatee irraa waan deebi'eef, jiru'uun jiraata malee hin du'u. \v 29 Isin kolbaan Israa'elii ammoo, ‹Karaan Gootta'aa qajeela'aa moti› jettan; ee kolbaa Israa'elii! Karaan kiyya qajeela'aa motii ree? Ka qajeelaa hin te'in karaa keessanii motii ree? \p \v 30 «Tanaaf, ‹Ee kolbaa Israa'elii! Ani akka hujii teessaniititti tokko tokkoo keessanitti hin mura; cubbuu teessan irraa deebi'a'aatii, cubbuun teessan akka isin hin balleessine, cubbuu teessan mara lakkisa'a. \v 31 Cubbuu hujjane mara lakkisa'aatii, qalbii haareyaa fi Ayyaana haareya qabaadha'a; ee kolbaa Israa'elii! Isin maaf duutan ree? \v 32 Ani du'a namaatitti waan hin gammanneef, cubbuu irraa deebi'a'aatii jiru'uun jiraadha'a› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \c 19 \s1 Faaruu Gaddaa \p \v 1 «Faaruu gaddaa qondaaltota Israa'eliitiif faarsa'aatii: \q1 \v 2 «‹Haati teeti neenqota keessaa neenqa dhalaa attamii ti! \q2 Isiin neenqota dardara odduu ciittee, \q2 ilmoolee ifii guddifatte. \q1 \v 3 Isiin ilmoolee ifii keessaa tokkocha guddifatte; \q2 innille neenqa dardara te'e; \q2 adansee qabatiisa baratee, nama nyaate. \q1 \v 4 Gosi biyya adda addaa marroo isaa dhageette; \q2 inni boolla isaan qotane keessa seenee qabame; \q1 Isaanille hookkoo itti keyanee \q2 harkisanee gara biyya Gibxi'ii geessane. \q1 \v 5 Addiin isi'ii bu'aa akka hin qanne, \q2 wonni isiin eegatte akka isi'ii hin teene yennaa dhaggite, \q2 ilmoolee ifii keessaa ka dhibii fuutee guddittee, \q2 neenqa dardara goote. \q1 \v 6 Innille odduu neenqotaa asii fi achi ideeme; \q2 neenqa dardara te'ee \q2 adansee qabatiisa baratee, nama nyaate. \q1 \v 7 Inni kushee isaanii jadduu caccassee \q2 qachaa isaanii balleesse; lattii fi wonni isii keessaa marti \q2 dhangaa inni dhowuun sheephitte. \q1 \v 8 Achiin duuba gosi biyya adda addaa \q2 karaa maraan isatti kaate; \q2 isaan caccoo ifii isa irratti afanee, \q2 inni boolla isaan qotane keessa seenee qabame. \q1 \v 9 Hookko'oon harkisanee gooree sibiilaa keessa keyanee \q2 gara mootii Baabilonii geessane. \q1 Dhangaan inni dhowu \q2 gaarota Israa'elii irratti \q2 deebi'ee akka hin dhage'ane \q2 addee inni itti hidhamee eegamu keessa buusane. \q1 \v 10 Haati teeti muka woyni'ii \q2 ka bisaan qarqaratti dhaabane, \q2 ka sababa bisaan guddaa saniitiif \q2 midhaan bacaa buusee banqaaqe fakkaatti. \q1 \v 11 Dameeleen isaa jajjabaattee, \q2 ulee bokku'uu ta bulchitootaa teete. \q1 Hojjaan isaatii fi dameeleen isaa bacaan, \q2 ciggaa keessaa ol dheeratanee mudhatane. \q1 \v 12 Te'uu malee aari'iin buqqifamee lafatti gatame; \q2 qilleensi goomole'ee ka karaa aduun baatuu \q2 midhaan isaa qoorsee, irraa lafatti harcaasee goggosse; \q2 dameelee isaa jajjadduu sanille ibiddi nyaate. \q1 \v 13 Amma muki woyni'ii goomolee keessa \q2 addee bisaan hin jirre lafa goddu'utti dhaabame. \q1 \v 14 Qaccee damee muka woyni'ii guddittii keessaa \q2 ibiddi bayee midhaan isaa mara nyaate; \q2 dameen jadduun ulee bokku'uu ta bulchitootaa teetu, \q2 ijjumaa irratti hin hanne› jedhi. \q1 Tun faaruu gaddaa, \q2 ta yennaa gaddaa faarfatanu» jedhe. \c 20 \s1 Kolbaan Israa'elii Ajajamuu Didde \p \v 1 Booji'annee woggaa torbeesso'oo keessa, ji'a shaneesso'oo, guyyaa kudhaneesso'oo, jaarsolee Israa'elii keessaa gariin, fedhii Mootii Waan Maraa gaafatiisaaf dhufanee, fuula kiyya dura tee'ane. \v 2 Jechi Mootii Waan Maraalle gara kiyya dhufee, \v 3 «Ee ilma namaa! Waan Goottaan Mootiin Waan Maraa jedhu, jaarsolee israa'eliititti dubbadhu; ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Isin gaaffii na gaafatiisaaf dhuttanee? Dhugumaan ani jiraata'a! Ani akka isin gaaffii na gaafattanu hin eeyyamu jedha› jedhiin. \p \v 4 «Ee ilma namaa! Ati isaanitti hin murtaa ree? Dhugumaan ati isaanitti hin murtaa ree? Waan diqachiisaa abbootiin isaanii hujje akka qaabatanu, \v 5 ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani yennaa Israa'el filadhe, gaafa sanyii Yaaqoobiitiif kakadhe, biyya Gibxi'ii keessatti ifi isaanitti mudhisee: Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jedhee isaaniif kakadhe. \v 6 Gaafa san biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee, gara lafa isaaniif abuuree, lafa aananii fi dammaa, ta lafa biyya lafaa mara caalaa toltuu san isaan galchiisaaf, isaaniif kakadhe. \v 7 Ani isaaniin: Tokko tokkoon keessan waaqota dharaa diqachiisaa ilti teessan ilaaltu san gata'a; waaqota dharaa ka Gibxi'iitiin ifi hin batteessina'a; ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jedheen. \v 8 Isaan ammoo na finqilanee na caqasiisa didane. Isaan waan diqachiisaa ilti isaanii ilaaltu san hin ganne; waaqota dharaa ka Gibxi'ii sanille waaqonfatiisa hin lakkinne. Achiin duuba ani biyya Gibxi'ii keessatti mufii tiyya isaan irratti dhangalaasee aarii tiyyalle baafatiisaaf hedeeyyu. \v 9 Te'uu malee worra isaan keessa le'ane, ka adoo isaan dhagganuu ani Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf kakadhe, gosa biyya adda addaa san duratti maqaan kiyya akka hin salphanneef jedhee tana godhe. \p \v 10 «‹Maarre ani biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee, gara goomole'ee isaan fide. \v 11 Nami yoo eegate akka ittiin jiru'uun jiraatuuf, ani seerataa fi seera kiyya isaaniif kenne. \v 12 Ka isaan woyyoonsu ana Mootii Waan Maraa akka te'e akka beekanuuf, anaa fi isaan wodhakka'atti beessisa akka te'uuf Sanbata kiyyalle isaaniif kenne. \v 13 Kolbaan Israa'elii ammoo goomolee keessatti na finqilte; seerataa fi seera kiyya ka nami yoo eegate jiru'uun jiraatu hordofuu didde; isaan Sanbata kiyyalle guddoo salphisane. Achiin duuba ani goomolee keessatti mufii tiyya isaan irratti dhangalaasee isaan balleessiisaaf hedeeyyu. \v 14 Te'uu malee gosa biyya addaa ta isaan adoo dhagganuu biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase duratti maqaan kiyya akka hin salphanneef jedhee ani tana godhe. \v 15 Garuu lafa biyya lafaa mara caalaa toltu, ta aananii fi dammaa ta isaaniif kenne sanitti akka isaan hin galchine goomolee keessatti isaaniif kakadhe. \v 16 Isaan waaqota dharaa hordofanee, seera fi seerata kiyya didanee Sanbata kiyyalle waan salphisaneef tun teete. \p \v 17 «‹Teetulle, ani isaan mararee isaan hin balleessine yookiin goomolee keessatti isaan akka fixamanu hin tolchine. \v 18 Ani goomolee keessatti ijoollee isaaniitiin, «Seerata abbootii teessanii hin hordofina'a; seera isaanille hin eegatina'a; waaqotaa dharaa ka isaaniitille'een ifi hin batteessina'a. \v 19 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; seerata kiyya hordofa'a; seera kiyyalle eegadha'aatii muummessa'a. \v 20 Anaa fi isin wodhakka'atti beessisa akka te'u, ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'elle akka beettanu Sanbata kiyya woyyicha ulfeessa'a» jedhe. \p \v 21 «‹Ijoolleen isaanii ammoo na finqilane; isaan seera kiyya ka nami yoo eegate jiru'uun jiraatu san hin hordofanne; seera kiyyalle jabaatanee hin eeganne; Sanbatalle salphisane; achiin duuba ani goomolee keessatti mufii tiyya isaan irratti dhangalaasee, aarii tiyya baafatiisaaf hedeeyyu. \v 22 Te'uu malee, gosa biyya adda addaa ta adoo isaan dhagganuu Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase duratti maqaan kiyya akka hin salphanneef jedhee harka kiyya deebifadhe. \v 23 Gosa biyya adda addaa keessa akka isaan bittinneessuu fi biyya hedduu keessa akka isaan facaasulle goomolee keessatti isaaniif kakadhe. \v 24 Sababa isaan waaqota dharaa ka abbootii ifii ilaalanee, seera kiyyaaf ajajamuu dhabanee, seerata kiyya didanee Sanbata kiyyalle salphisaneef ani tana godhe. \p \v 25 «‹Kana irralle'etti, seerata dansaa hin te'inii fi seera isaan jiruu ittiin hin dhagganne isaaniif kenne. \v 26 Ani Mootii Waan Maraa akka te'e akka beekanuuf, ijoollee ifii angafoota mara ciincaa dhikeessanuun akka battowanu isaan lakkisee, naasuulle isaanitti buuse jedha› jedhiin. \p \v 27 «Tanaaf, ee ilma namaa! Ati kolbaa Israa'eliititti dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Abbootiin teessan naaf addatamummaa dhabanee, tanalle'een na faanshessane. \v 28 Ani gara lafa isaaniif kenniisaa kakadhee san yennaa isaan galche, achiin duuba isaan koobota dhedheertuu yookiin mukoota baala bisile'ee yennaa dhaggane mara, achitti ciincaa ciincessanee, kennansa aari'itti na kakkaasu dhikeessanee, kennansa foolee dansaa qabu, kennansa daadhii woyni'ii dhangalaasane jedha› jedhi» jedhe. \v 29 Anille isaaniin: «Addeen isin dhaqaartanu ka, ‹Baamaa› jedhamanu kun ‹Maan inni?› jedhee gaafadhe. ‹Baamaa› jechuun, ‹Addee waaqonfanna'aa› jechu'u. Maarre addeen sun haga adhaa, ‹Baamaa› jedhaman. \v 30 Tanaaf, ati kolbaa Israa'eliititti dubbadhuutii: Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Isinille akkuma abbootii teessanii waaqota dharaa diqachiisaa san waaqonfattanee ifi batteessitanii? \v 31 Isin kennansa keessan yennaa dhikeessitanu, ijoollee teessan kennansa ibiddaan gubamu yennaa kennitanu, waaqota dharaa keessaniin haga adhaa ifi batteessitan. Ee, kolbaa Israa'elii akka isin woy na gaafattanu hin godhaa ree? Ani jiraata'a! Ani akka isin woy na gaafattanu hin godhu› jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa. \v 32 Isin qalbii teessan keessatti, ‹Nuutille akkuma gosa biyya adda addaa, akkuma kolbaa biyya heddu'uu mukaa fi dhaka'atti sagadanuu teenuu ti› ka jettanu ijjumaa hin teetu. \s1 Mootiin Waan Maraa Israa'el Ade'etti Hin deebisa \p \v 33 «Mootiin Waan Maraa, ‹Ani jiraata'a! Dhugumaan ani irree tiyya jaddu'uun, harka kiyya diriirsee, mufii tiyyalle isin irratti dhangalaasee isin irratti mootii hin te'a. \v 34 Ani irree tiyya jaddu'uun, harka kiyya diriirsee, mufii tiyya dhangalaasee, biyya hedduu addee isin itti bittinnoottane gosa biyya adda addaa keessaa wolitti isin hin qaba. \v 35 Ani gara goomolee gosa biyya adda addaa isin fidee, achitti fuula kiyya duratti isinitti hin mura. \v 36 Goomolee biyya Gibxi'ii keessatti akkuma abbootii teessanitti mure, akkasuma isinitti hin mura. \v 37 Ani laakkowiisaaf ulee tiyya jala isin hin dabarsa; hidhaansa gondooroo tiyyaa keessa isin hin galcha. \v 38 Ani worra finqila'aa fi worra na yakke isin keessaa adda hin baasa; lafa isaan amma alagaa te'anee keessa le'anu keessaa isaan hin baasa; garuu isaan gara lafa Israa'elii hin galanu; achiin duuba isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedha. \p \v 39 «Ee, kolbaa Israa'elii! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Isin amma yoo naaf hin dhageenne teete, tokko tokkoon keessan dhaqa'aatii, waaqota dharaa keessan tajaajila'a! Ammoo haganaa achi maqaa kiyya woyyicha waaqota keessanii fi kennansa keessaniin hin batteessina'a. \v 40 Gaara kiyya woyyicha, gaara Israa'elii ka irra caalaa ol dheeratu irratti, achitti kolbaan Israa'elii marti, lafa sanitti isaan marti na hin tajaajilan. Anille achitti isaan hin fudhadhaa, kennansa isaaniitii fi kennansa isaanii ka mata'aa kennansa isaanii woyyicha mara woliin isaan irraa barbaada› jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa, \v 41 ‹Gosa biyya adda addaa keessaa isin baasee, biyya isin itti bittinnootane keessaa yennaa isin wolitti qabu, akka foolee dansa'aa isin hin fudhadha; gosa biyya adda addaa duratti woyyummaa tiyya odduu teessanitti hin mudhisa. \v 42 Biyya ani abbootii teessanii kenniisaaf kakadhe, gara lafa Israa'elii ani yennaa isin galchu, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan \v 43 Achitti akka itti leetane maraa fi hujii teessan ta ittiin ifi batteessitane mara hin qaabattan; hujii hantuu hujjane maraaf ifi hin jibbitan. \v 44 Ee, kolbaa Israa'elii! Akka le'ii teessan hantuu saniitii moti; akka hujii teessan badduu saniille'ee moti; maqaa kiyyaaf jedhee yennaa ani tana isiniif godhu, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan› jedha, Mootiin Waan Maraa» jedhe. \s1 Ibidda Gara Kibbaatiin Ka'u \p \v 45 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 46 «Ee ilma namaa! Fuula keeti gara kibbaa deebifadhuutii, biyya kibbaatitti lallabi; gongomaa biyya kibbaa irratti raaga dubbadhu. \v 47 Gongomaa biyya kibbaatiin, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'i› jedhi; Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani ibidda si keessatti hin bobeessa; ibiddi sun muka jiidha'aa fi gogaa si keessa jiru mara gubee hin fixa; bobeenni bobe'u sun hin dhaamu; lafa san mara kibbaa haga kaabaatitti hin guba. \p \v 48 «‹Ani Mootiin Waan Maraa akka ibidda san bobeesse, nami marti hin dhagga; ibiddi sun hin dhaamu› jedha» jedhe. \p \v 49 Achiin duuba ani, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa! Isaan, ‹Inni fakkeennaan dubbataa motii ree?› naan jedhan» jedhe. \c 21 \s1 Shallaagaa Mootii Waan Maraa \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Fuula keeti gara Yerusaalemii deebifadhuutii, gara addee waaqonfanna'aa ta isi'ii irratti lallabi; lafa Israa'elii irratti raaga dubbadhu. \v 3 Lafa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani si irratti ka'eera; shallaagaa kiyya gonofaa isaa keessaa buqqifadhee, balchichaa fi cubbaalessalle si irraa hin balleessa. \v 4 Ani balchichaa fi cubbaalessalle si irraa waan balleessuuf, shallaagaan kiyya nama mara irratti kibbaa haga kaabaatitti gonofaa keessaa hin buqqifama. \v 5 Nami marti akka ani Mootiin Waan Maraa shallaagaa kiyya gonofaa isaa keessaa buqqifadhe hin beeka. Shallaagaan sun deebi'ee gonofa'atti hin deebi'u jedha› jedhi. \p \v 6 «Ee ilma namaa! Ati aadi; qalbii gad jettee fi gadda hadhowuun isaan duratti aadi. \v 7 Yennaa isaan, ‹Maaf aadda?› siin jedhane, ati isaaniin, ‹Marroo oduu dhufaartuutiif aada; yennaa wonni kun dhuttu, onneen marti hin baxxi; harki marti hin laashowa; lubbuun marti hin gaggaddi; jilbi marti bisaan hin te'a. Kunoo, wonni kun hin teeti; hin muummottille'e, jedha Mootiin Waan Maraa› jedhiin» jedhe. \p \v 8 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 9 «Ee ilma namaa! Ati raagiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Shallaagaa tokko! Shallaagaa tokko! Ka qaramee morodame; \v 10 qaliisaaf ka qarame; akka balaqqeetti'ii balaqqisiisaaf ka morodame! Kolbaan tiyya ifi eeggachisiisaa fi adabbii mara waan tuffatteef haganaa achi firinxiixi hin jiraa ree? \v 11 Shallaagaan harkatti akka qabatamu morodamiisaaf kennameera; shallaagaan kun ka nama ijjeesutti kennamiisaaf qaramee morodame. \v 12 Ee ilma namaa! Shallaagaan kun kolbaa tiyyaa fi qondaaltota Israa'elii mara waan balleessuuf iyyii wiiccifadhu. Isaan kolbaa tiyya woliin hin ijjeefaman. Tanaaf gaddaan qoma teeti dhowadhu. \v 13 Dhugumaan haga ilaallatamiis hin dhufa; cubbuu irraa yoo hin deebi'in kun marti isaan irratti hin te'a› jedha Mootiin Waan Maraa. \p \v 14 «Ee ilma namaa! Raagi. Harka keeti aari'iin dhowi; shallaagaan nama qalu yennaa lama, yennaa sadille isaan dhowuu ti; shallaagaan nama bacaa qalu gara maraan isaan marseera. \v 15 Onneen isaanii baxxee, hedduun isaanii akka gufatanu, karra isaanii mara duratti ani shallaagaa nama qalu isaan dura keyeera; kunoo, shallaagaan akka balaqqisuuf morodameera; ittiin qaliisaafille buqqifameera. \v 16 Ee, shallaaga'a! Gara middaatititti, gara bita'aalle'etti, garuma qarri keeti itti fuula galetti muri. \v 17 Anille harka kiyya aari'iin hin dhowa; aarii tiyyalle hin baafadha; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe. \s1 Shallaagaa Mootii Baabilonii \p \v 18 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 19 «Ee ilma namaa! Karaa lama ka mootiin baabilonii shallaagaa qabatee dhufu fakkii kaasi; fakkiin kara'aa sun lamaanuu biyya tokko keessaa ka'uu ti; addee fakkiin kara'aa sun gara qacha'aa irraa gorutti beessisa dhaabi. \v 20 Karaa shallaagaan qachaa Amoonotaa Raabaatitti dhufu fakkii tokko, karaa shallaagaan biyya Yihuda'aa qachaa Yerusaalemii ka dalleya dhaka'aa qabu dhufutti fakkii tokko kaasi. \v 21 Mootiin Baabilonii gorsuma kara'aa irra hin dhaabbata; moru'uun karaa itti goru beekiisaaf daayaan hixaa buufata; waaqota ifii ka dharaa gorsa hin gaafata; moora\f + \fr 21:21 \fr*\fqa Moora: \fqa*\ft Worri Baabilonii tiruu ilaallatan.\ft*\f* horii qalamee hin ilaallata. \v 22 Waan dalleya dhaka'aa ittiin diigu akka dhaabu, qaliisaaf ajaja akka baasu, iyya lolaalle akka dhageessisanu, waan dalleya dhaka'aa ittiin diigu karra qacha'aa duratti akka dhaabu, biyyee tuulee akka kushee ijaaru, kunoo, hixaa daayaa ka gara Yerusaalemii akka inni deemu isatti himu harka middichatti qabateera. \v 23 Worra Yerusaalemii ka isa woliin kaku'uun wolii galaneef moruu dharaa hin fakkaatti; mootiin Baabilonii ammoo cubbuu isaanii isaan issee isaan hin booji'a. \v 24 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Cubbuun teessan mudhatteerti. Isin yakkaameyyii akka teetane nami marti hin beeka; isin waan hujjane maraan cubbuun teessan mudhatteerti. Tanaaf, ani akka isin booji'anuuf, diinota keessanitti dabarsee isin hin kenna. \p \v 25 « ‹Atille ee qondaala Israa'elii batticha hamaalessa! Guyyaan muumme'ee ka ati adabantu dhufeera. \v 26 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Marata mata'aa ifi irraa hiikadhu! Kallachalle ifi irraa baafadhu! Wonni akka amma jirutti hafu hin jiru. Worri gad qabame ol qabama; worri ol qabame gad qabama. \v 27 Badii, badii, badii ani Yerusaalemitti hin fida. Haga abbaan mura'aa ka ani Yerusaalem akka balleessu itti kennu sun dhufutti badiin tun hin teetu; ani Yerusaalem isatti hin kenna› jedha. \s1 Shallaaga'aa fi Worra Amoonotaa \p \v 28 «Ee ilma namaa! Ati marroo worra Amoonotaatii fi marroo murgoo isaanii raagiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, \q1 «‹Shallaaga'a! Shallaaga'a! \q2 Gonofaa keessaa buqqifami; \q2 akka ijjeettuuf balaqqisiisaaf morodami. \p \v 29 « ‹Isaan mudhii dharaa si mootii Baabiloniitiif dhaggane; moruu sobaa si mootii Baabiloniitiif morane; morma worra batticha hamaaleyyi'ii ka guyyaan isaanitti muramu geyee, ka muummeen yennaan isaanii geette irra shallaagaan keeti hin keyama. \p \v 30 « ‹Ati shallaagaa gonofa'atti deebisi! Ani addee ati itti dadantetti, biyya itti dhalattetti sitti hin mura. \v 31 Ani aarii tiyya ta akka bobe'a ibiddaa si irratti hin dhangalaasa; harka worra nama balleessiisaan beekkametti dabarsee si hin kenna. \v 32 Ati ibiddaan hin badda; dhiigi keeti biyyuma teeti keessatti hin dhangala'a; ani Mootiin Waan Maraa tana waan dubbadheef, haganaa achi nami deebi'ee si qaabatu hin jiru› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhe. \c 22 \s1 Yakkaa Yerusaalemii \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Ati itti hin murtuu ree? Qachaa dhiiga namaa dhangalaasu kanatti hin murtuu ree? Maarre waan diqachiisaa inni huje mara itti mudhisi. \v 3 Ati qacha'aan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ati qachaa wodhakkaa keetitti dhiiga dhangalaattu, ka waaqota dharaatiin ifi batteessitu, guyyaan keeti geyeera. \v 4 Ati dhiiga dhangalaatteen yakkaamessa teeteerta; waaqota dharaa ka hujjelle'een battootteerta; ati guyyaa keeti gabaaffateerta; muummeen bara keetii geyeera. Tanaaf ani gosa biyya adda addaatiif murgoo, biyya hedduu maraaf waan taphaa\f + \fr 22:4 \fr*\fqa Waan taphaa: \fqa*\fqa Yookiin waan qacoo \fqa*\f* si hin godha. \v 5 Worri dhikoo teeti jiruu fi worri si'i irraa fagoo jiru sitti hin murgan; maqaan keeti battowee, qachaa hoga'aan guutame hin teeta. \v 6 Kunoo, qondaaltoti Israa'elii worri si keessa jiru tokko tokkoon isaanii akkuma hunna ifiititti dhiiga dhangalaasan. \v 7 Si keessatti abba'aa fi haati hin tuffataman; worri alagaan hin cunqurfaman; ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa hin miicaman. \v 8 Ati meya kiyya woyyicha tuffattee, Sanbata kiyyalle salphitteerta. \v 9 Namooti dhiiga dhangalaasiisaaf hamatanu si keessa jiran; kolbaan gaarota addee waaqonfannaa waaqota dharaa irratti waan ciinceffame nyaattulle si keessa jirti; isaan si keessatti sagaagalan. \v 10 Namooti si keessatti niitii abbaa ifii woliin rafan; isaan dubartii aadaan dubarti'ii itti dhutteertu hunnaan woliin rafan. \v 11 Tokko tokko niitii namaa woliin waan nama diqachiisu hujan; ka dhibiin niitii ilma ifii batteessa; ka dhibiin intala abbaa ifii, obboleettii ifii hunnaan woliin rafa. \v 12 Si keessatti isaan dhiiga dhangalaasiisaaf safuu fudhatan; ati liqaa dhalaatii fi bu'aa haqa hin te'in nama irraa fudhattee saamaan durommatteerta; ijjumaa na deeteerta. \p \v 13 « ‹Kunoo, ani bu'aa ati haqa malee dhaggattee fi dhiiga si keessatti dhangala'eef ani aari'iin harka kiyya hin dhowa. \v 14 Guyyaa ani si adabu lapheen teeti hin jajjabaattii ree? Yookiin irreen teeti hin jabaattii ree? Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera; ani waan kana hin godha. \v 15 Ani biyya hedduu gosa biyya adda addaa keessa si bittinneessee, battummaa teeti mara si keessaa hin balleessa. \v 16 Gosa biyya adda addaa duratti hujuma teetiin battii teetee, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta jedha› jedhi» jedhe. \p \v 17 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 18 «Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii solloqqee natti te'aneeran; isaan martinuu akka sageettuu, qorqooroo, sibiilaa fi irsaasa addee sibiila itti baqisiisanu keessaa ti; isaan solloqqee meeti'ii te'aneeran. \v 19 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Isin martinuu solloqqee waan teetaneef, kunoo, ani Yerusaalem keessatti wolitti isin hin qaba. \v 20 Akkuma namooti meetii, sageettu'uu fi sibiila, irsaasaa fi qorqooroo addee sibiila itti baqisiisanutti baqisiisiisaaf ibidda itti buufanu, anille aarii tiyyaa fi mufii tiyya keessatti wolitti isin qabee akka baxxanu isin hin godha. \v 21 Ani wolitti isin qabee, ibidda mufii tiyyaa isinitti buufee, isinille mufii tiyya keessatti hin baxxan. \v 22 Akkuma meetiin addee sibiila itti baqisiisanu keessatti baxxu, isinille mufii tiyya keessatti hin baxxan; yennaa san ani Mootiin Waan Maraa mufii tiyya akka isin irratti dhangalaase hin beettan› jedha» jedhe. \s1 Cubbuu Sooressitoota Israa'elii \p \v 23 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 24 «Ee ilma namaa! Ati lafaan, ‹Ati woyyittii waan hin te'iniif, guyyaa mufii tiyyaa bokkeenni si irratti hin roobu. \v 25 Malli raagota isi'ii wolitti deebi'anee akka neenqa waan ijjeese kukkutataa dhangaa dhowuu ti; isaan kolbaa ijjeesanee, beese'ee fi qabeenna dhaggane mara fudhatan; ijjeechaa isaaniitiin haadhotii hiyyeessaa baceessane. \v 26 Hayyooti isi'ii seera kiyya cassaneeran; waan woyyuu te'e hin kabajanu. Isaan waan woyyuu te'ee fi waan battii te'e addaan hin baasanu; isaan garaagarummaa waan qulqullu'uutii fi waan qulqulluu hin te'inii hin barsiisanu; Sanbatalle lakkisaneeran; tanaaf ani odduu kolbaa Israa'eliititti ulfinna dhabeera. \v 27 Qondaaltoti isi'ii akka yayyii waan nyaatte kukkuttuu ti; isaan duroomiisaaf nama ijjeesan. \v 28 Raagoti isi'ii akka nama halluu adii dhaaba manaatitti dibuu cubbuu tana mara dhossan. Isaan mudhii dharaa dhaggaa, moruu dharaalle moran. Goottaan Mootiin Waan Maraa adoo isaanitti hin dubbatin, isaan: Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha jedhan. \v 29 Namooti lafa sanii maltumma'aan saaman. Isaan worra hiyyeeyyii, rakkata'aa fi alagaa miican. \v 30 Akka ani lafa san hin balleessineef, ka dalleya ijaaru, karaa dalleenni cabeeruun fuula kiyya dura nama isi'iif dhaabbatu, isaan keessa barbaaddeeyyu; garuu nama tokkolle hin dhaggine. \v 31 Tanaaf ani mufii tiyya isaan irratti hin dhangalaasaa, ibidda mufii tiyyaatiin isaan hin fixa; waan isaan godhane matuma isaaniititti hin deebisa› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe. \c 23 \s1 Ahola'aa Fi Aholiibaa \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Obboleeyyan durraa lamaan ta haadha takkaa irraa dhalatane jiraniiyyu. \v 3 Isaan biyya Gibxi'ii keessatti sagaagaluu jalqabane; isaan dargaggummaa ifiitiin sagaagalane; achitti harmi isaanii qaqqabamee, guntuti isaanii sukkuumame. \v 4 Maqaan angafitti'ii Ahola'a; ka obboleettii isi'ii Aholiiba'a; isaan lamaanuu kiyya te'anee, ijoollee dhiiraatii fi durra naa deyane. Akkuma maqaa isaaniititti Aholaan Samaariya'a; Aholiibaan Yerusaalem. \p \v 5 «Aholaan adoo tiyya teetee jirtuu sagaagalte; worra isii jaalatanu worra Asoorii loltoota ollaa ifii halchite. \v 6 Isaan worra woyaa dhiillee uffatu, ka biyya bulchanuu fi ajajjoota woraanaa ti; isaan martinuu dargaggoota shashaggoolee abbootii fardo'oo worra fardo'oon gulufu. \v 7 Isiin dhiirota Asoorii worra filameeru san woliin sagaagaliisaaf ifi kennitee, waaqota dharaa ka worra isii woliin sagaagalanuu saniin ifi batteessite. \v 8 Isiin sagaagalummaa biyya Gibxi'iititti jalqadde san hin lakkinne; dhiirti dargaggummaa isi'ii keessa isii woliin rafane sun bantii isi'ii balleessanee, fedhii sagaagalummaa ifii isii irratti dhangalaasaneeran. \p \v 9 «Tanaaf, ani harka worra isii jaalatuu ka worra Asoorii ka isiin halchituutitti dabarsee isii kenne. \v 10 Isaan woyaa irraa mulqanee qullaa isii hamburane; isaan ijoollee isi'ii ta dhiiraatii fi ta durraa booji'anee shallaaga'aan isii ijjeesane; muraan waan itti muranteef, isiin dubartoota keessaa nama ittiin mammaakanu teete. \p \v 11 «Obboleettiin isi'ii Aholiibaan tana dhaggiteertiiyyu; garuu halcha'aa fi sagaagalumma'aan isii caalaa battoottee bira dabarte. \v 12 Isiin worra Asoorii bulchitootaa fi ajajjoota woraanaa, loltoota woyaa dadansaa uffatanee fi dargaggoota shashaggoolee abbootii fardo'oo worra fardo'oon gulufu mara halchite. \v 13 Ani akka isiin battootte dhagge; isaan lamaanuu karuma tokko deemane. \p \v 14 «Isiin sagaagalummaa ifii ittuma dabalte. Isiin fakkii dhiira worra Kaldootaa ta halluu diintu'uun dhaaba manaa irratti kaafamaneeranu dhaggite. \v 15 Fakkiin sun hidha ifiititti hiituu, mataa ifii irratti marata gad rarra'u qabaniiyyu; isaan martinuu ajajjoota worra Baabilonii ka garreettaa fardaan harkifamuun duulanu, worra lafa Kaldootaatitti dhalate fakkaataniiyyu. \v 16 Isiin yennaa isaan dhaggite halchaa sagaagaliisaatiin qabantee, biyya Kaldootaatitti isaanitti nama ergatte. \v 17 Worri Baabilonii taqee isi'ii irratti isii woliin rafanee, sagaagalummaa ifiitiin isii batteessane; isaan isii batteessaneen duuba isaan diqattee irraa garagalte. \v 18 Yennaa isiin sagaagalummaa ifii ittuma ideente, qullaa nafa ifiille badhinnatti mudhifatte, anille akkuma obboleettii isi'ii diqadhee irraa deebi'e, isiille diqadhee irraa deebi'e. \v 19 Isiin yennaa dargaggummaa ifii biyya Gibxi'iititti sagaagalaa ka turte san qaabattee, ammalle sagaagalummaa ifii irra caalaa ittuma edeetee, \v 20 gaarayyoota ifii worra nafi isaanii ka hilaa ka akka harre'ee, sanyiin nafa isaanii ka hilaa keessaa bawu ka fardaa fakkaatu halchite. \v 21 Ati battummaa yennaa dargaggummaa teetii ta yennaa worri Gibxi'ii guntuta keeti qaqqabee san halchite. \p \v 22 «Tanaaf, ee Aholiiba'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani gaarayyoota teeti worra ati diqattee irraa deebite san si irratti kakkaasee, karaa maraan sitti hin fida. \v 23 Worra Baabilonii, Kaldoota mara, worra Pheqodii, worra Qo'a'aa, worra Sho'a'aa isaan woliin worra Asoorii mara, dargaggoota shashaggoolee, worra biyya bulchanuu fi ajajjoota woraanaa mara, ajajjoota worra garreettaa fardaan harkifamuu, qondaaltota, abbootii fardo'oo worra fardaan gulufanu mara sitti hin fida. \v 24 Isaan garreettaa fardaan harkifamu ka lolaa hedduu, garreettaa fardaan harkifamu ka meyaa heddu'uu fi gosa biyya adda addaa bacaa woliin sitti hin dhufan. Isaan wontee, wontee uffatanu, gullee sibiilaalle naqatanee si hin marsan; anille muraa isaaniitiif dabarsee si hin kenna; isaanille akka seera ifiititti sitti hin muran. \v 25 Isaan mufi'iin akka si adabanuuf, ani hinaaffaa tiyyaan sitti hin erga. Isaan gurra keetii fi funnaan keeti si irraa hin muran; ijoollee teeti ta dhiiraatii fi ta durraa booji'anee fudhatan; worra si keessatti jiru'uun hafe shallaaga'aan ijjeesan; kuun ibiddaan hin dhumatan. \v 26 Isaan woyaa teeti si irraa mulqanee dooqa keeti dadansaa hin fudhatan. \v 27 Ani battummaa teetii fi sagaagalummaa teeti ta ati biyya Gibxi'iititti jalqadde san akka ati lakkittu hin godha; ati haganaa achi gara isaanii deebitee hin ilaaltu; biyya Gibxi'iille deebitee hin qaabattu› jedha. \p \v 28 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani harka worra ati jibbitee diqattee irraa deebiteetitti dabarsee si kennee, \v 29 isaan si jibbanee waan ati itti elootte mara si irraa hin fudhatan; akka gaafa dhalatteetitti qullaa si hin hamburan; salphinni sagaagalummaa teetiitii fi battummaan teeti hin mudhatti. \v 30 Waan ati gosa biyya adda addaa woliin sagaagaltee waaqota dharaa ka isaaniitiin ifi batteessiteef tana sitti fide. \v 31 Ati karaa obboleettii teetii ideenteerta; tanaaf ani muduunuu isi'ii ta adabbi'ii si'ille'eef hin kenna› jedha. \p \v 32 «Goottaan Mootiin Waan Maraa: \q1 « ‹Ati Muduunuu obboleettii teetii badhoo \q2 ta gad boollattu ta bacaa qabattutti hin unta; \q2 nama kollaatii fi nama coora'aa hin teeta. \q1 \v 33 Muduunuun obboleettii teeti Samaariya'aa \q2 ta baddi'iitii fi ta diigamaa ti; \q2 ati machi'ii fi gaddaan hin guutanta; \q2 \v 34 ati isii keessaa untee hin cingifatta; \q2 muduunuu san hin caccassita; \q2 harma keetille hin babbassita. \q1 Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha. \p \v 35 «Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati na deetee dudda keeti duubatti waan na gatteef, gatii battummaa teetiitii fi sagaagalummaa teetii hin fudhatta› jedha» jedhe. \p \v 36 Ammalle Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee ilma namaa! Ahola'aa fi Aholiiba'atti muriisaaf qophoottaa ree? Maarre hujii isaanii diqachiittuu san isaanitti himi. \v 37 Isaan gaarayyeeffataneeran; dhiigille harka isaanii keessa jira; isaan waaqota dharaa ka ifii waaqonfatiisaan gaarayyeeffatane; isaan ijoollee ifii ta anaaf deyaneeyyuu waaqota dharaa ka ifiitiif sagalee akka te'anu ibiddaan ciincaa isaaniif dhikeessane. \v 38 Kana irralle'etti ede'anee, guyyuma san isaan Galma kiyya batteessanee, Sanbata kiyyalle akka diqatamu godhaneeran. \v 39 Isaan yennaa ijoollee ifii waaqota dharaa ka ifiitiif ciincaa dhikeessane san, guyyuma san Galma kiyya seenanee batteessane; kunoo, wonni isaan mana kiyya keessatti hujane kana. \v 40 Kana maleelle isaan biyya fago'ootii dhiirti akka isaaniif dhuttuuyyuu ergantoota itti ergataneeraniiyyu; kunoo, dhiirti sunille dhutte. Dubartooti obboleeyyan sun isaaniif jedhanee nafa dhiqatanee, kuulii ila dibatanee, dooqa naqatane. \v 41 Isaan beeraa\f + \fr 23:41 \fr*\fqa Beeraa: \fqa*\ft Yookiin teessuma irkoo qabu ka dalla dheeratu.\ft*\f* dansaa irra tetee'anee, beeraa san dura xarapheessaa dhaabanee hixaana kiyyaa fi zayitii ejersaa tiyya irra keyane. \v 42 Hogaan gumii worra caaquu adaala isaanii jiraayyu; worri machowaan goomole'ee dhufelle isaan woliin jiraniiyyu; worri machowaan sun harka dubartootaatitti irmuura, mataa isaaniille'etti kallacha keyane. \v 43 Achiin duuba ani marroo dubartii gaarayyeeffatiisaan haalatte\f + \fr 23:43 \fr*\fqa Haalattee: \fqa*\ft Yookiin nafi irraa dhumate.\ft*\f* sanii, ‹Amma isaan isii woliin sagaagalanee, isiille isaan woliin sagaagalte› jedhe. \v 44 Akkuma dhiirti sagaagaltittii woliin rafanu, isaanille isii woliin rafane; akkasuma isaan dubartoota yabaabultoota\f + \fr 23:44 \fr*\fqa Yabaabultoota: \fqa*\ft Yookiin gaarayyeeffattoota.\ft*\f* Ahola'aa fi Aholiibaa woliin rafane. \v 45 Isaan gaarayyeeffattoota waan te'aneef, dhiigille harka isaanii irra waan jiruuf, namooti balchooleen muraa ittiin dubartoota sagaagaltootaa fi worra dhiigi harka isaanii irra jirutti muranu isaanille'etti hin muran» jedhe. \p \v 46 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Gumii bindillaa kakkaasii isaanitti fidi! Akka isaan bararaqanuu fi saamamanu godhi. \v 47 Gumiin bindillaan sun dhaka'aan isaan hin tuman; shallaagaalle'een isaan hin ijjeesan; ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta durraalle hin ijjeesan; mana isaaniille ibiddaan hin guban. \v 48 Ani akka kanaan dubartooti marti sagaagalummaa isin hujjane akka hin tolchine ifi eeggachiisiisaan, sagaagalummaa biyya keessaa hin balleessa. \v 49 Isin gatii sagaagalummaa keessanii hin fudhattan; waaqota dharaa keessan waaqonfatiisaan cubbuu waan hujjaneef, hin adabantan. Yennaa san akka ani Goottaa Mootii Waan Maraa te'e hin beettan» jedhe. \c 24 \s1 Marfamiisa Yerusaalemii \p \v 1 Booji'annee woggaa sagaleesso'oo keessa, ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa kudhaneesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Mootiin Baabilonii guyyaa adhaa kana Yerusaalem waan marseeruuf, maqaa guyyaa adhaa kana barreeffadhu. \v 3 Kolbaa finqiltuu tanatti fakkeennaan dubbadhuutii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, \q1 «‹Disitii dhaabi! Disitii dhaabi! \q2 Bisaanille itti naqi; \q2 \v 4 gumaa foonii, gumaa foonii dadansaa mara, \q2 lukaa fi harka keessa buusi; \q2 lafee dadansa'aan guuti. \q1 \v 5 Hoolee keessaa dadansaa qofa qali; \q2 Disitii san jala qoraan naqiitii \q2 akka dansaa danfisi; \q2 foonii fi lafee isii keessaa midhassii bilcheessi› jedha. \p \v 6 «Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Disitii ciillotte ta ciillaan irraa hin kaane, qachaa dhiiga dhangalaasuuf aanne'e! Foon isii keessaa adoo hin filin gumaa guma'aan keessaa guuri. \v 7 Qachaan kun lafa biyyeen itti deebi'uu hin dandeenne rassaa duwwaa irratti dhiiga dhangalaaseera. Dhiigi qachaan sun dhangalaase haga ammaa isa keessa jira. \v 8 Ani mufadhee haluu bayiisaaf dhiigi qachaan sun dhangalaase akka hin gollanne rassaa irratti akka dhangala'u godhe› jedha. \p \v 9 «Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Qachaa dhiiga dhangalaasuuf aanne'e! Ani qoraan guddisee hin tuula. \v 10 Qoraan guddisii tuuliitii, ibidda itti gabbisi; foon akka dansaa effeeli; shorbaa isaalle uddowaa adda addaa itti naqiitii haga lafeelle gubattutti danfisii. \v 11 Achiin duuba, disitiin o'itee ciillaan isi'ii gubatee akka irraa bu'u, battummaan isii keessaa akka baxxu, disitiin sageettuu irraa hujante sun akka finiintu, duwwaa kashila irra dhaabi. \v 12 Toluma itti elowane malee ciillaan isi'ii ibiddalle'een irraa hin kaane. \v 13 Ee qachaa Yerusaalemii! Cubbuun teeti si batteessiteerti; ani akka ati qulqulloottu si godhulle, ati battummaa teeti irraa hin qulqulloonne. Haga ani aarii tiyya si irratti baafadhutti ati hin qulqulloottu. \v 14 Ani Mootiin Waan Maraa dubbadheera; yennaan ani waan kana huju dhufaarti; ani gara duubaa hin deebi'u; hin hilu; yaada kiyya hin jijjiiru; akka ideensa keetiitii fi akka hujii teetiititti sitti hin mura› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe. \s1 Du'a Niitii Hizqi'elii \p \v 15 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 16 «Ee ilma namaa! Kunoo, ani niitii teeti ta ati guddoo jaalattu, dedhuma si duraa fudhataara; ati hin gaddin yookiin hin bowin, imimmaan teetille hin buusin. \v 17 Qoonqoo teeti gad qabadhuu gungumi malee ka du'eef iyyitee hin bowin; marata mata'aa keeti mata'atti maradhu; kophee teeti miilatti keyadhu; afaan keeti hin qabatin; haqaqoolle hin nyaatin» jedhe. \p \v 18 Maarre ani ganama kolba'atti dubbadhee, galgaluma san niitiin tiyya duute; guyyaa itti aanu ani akkuma ajajame godhe. \v 19 Achiin duuba kolbaan anaan, «Wonni ati godhiisatti jirtu kun hiikkaan isi'ii maan akka teete nutti hin hintuu ree?» jedhanee na gaafatane. \p \v 20 Anille isaaniin, «Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 21 ‹Ati kolbaa Israa'eliitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani Galma kiyya ka koora hunna teessanii, ka isin guddoo jaalattanuu fi halchaa lubbuu teessanii hin batteessa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa ta isin Yerusaalemille'etti lakkittanee deentane shallaaga'aan hin ijjeefaman. \v 22 Yennaa san isin waan ani godhe mara hin gootan; afaan keessan hin buqattanu; haqaqoolle hin nyaattanu. \v 23 Marata mataa keessan irraa hin buufattanu; kophee miila keessan irraa hin baafattanu; sababa cubbuu teessaniitiif hin yaayyitan malee, hin gadditanu yookiin hin wiiccifatanu; wol wolitti hin aaddan. \v 24 Akka kanaan Hizqi'el fakkeenna isiniif hin te'a; akkuma inni godhe isinille hin gootan. Wonni kun yennaa teetu ani Goottaa Mootii Waan Maraa akka te'e isin hin beettan jedha› naan jedhe» jedheen. \p \v 25 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Atille ilma namaa! Guyyaa ani Galma kiyya koora hunna isaanii, gammadaa fi ulfinna isaanii, ka isaan guddoo jaalatanu, halchaa lubbuu isaanii ka te'e, ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta durraalle isaan duraa fudhadhu, \v 26 guyyaa san nami miliqee dhufu waan kana mara sitti hin hima. \v 27 Guyyuma san afaan keeti hin banama; nama miliqee dhufu san woliin hin haasotta; afaan keeti deebi'ee hin qabamu; atille isaaniif beessisa ittiin ifi eegatanu hin teeta. Isaanille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan» jedhe. \c 25 \s1 Raaga Biyya Amoonii Irratti Dubbatame \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Fuula keeti gara biyya Amoonii deebifadhuutii, raaga isaan irratti dubbadhu. \v 3 Worra Amoonotaatiin, ‹Jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin; Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Galmi kiyya yennaa battowe, latti Israa'elii yennaa onte, kolbaan Yihuda'aalle yennaa booji'ante, waan gammaddaneef, \v 4 kunoo, ani akka isin qabatanu harka kolbaa karaa aduun baatuutitti dabarsee isin hin kenna; isaan odduu teessanitti hin qubatan; dunkaanii ifii odduu teessanitti hin dhaabbatan; midhaan keessan hin nyaatan; aanan keessanille hin unan. \v 5 Qachaa Raaba'aa dheeda gaalotaa, biyya Amooniille boqaata hoole'ee\f + \fr 25:5 \fr*\fqa Addee hooleen itti boqattu: \fqa*\ft Yookiin cicciisa hoole'ee.\ft*\f* hin godha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedha. \p \v 6 «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin hammeenna keessan maraan firinxiixanee, badii lafa Israa'eliititti, harka keessan dhowaa, sarbicha waan dhiittanneef, \v 7 kunoo, anille harka kiyya isin irratti hin diriirsa; gosi biyya adda addaa akka isin saamanuuf, harka isaaniititti dabarsee isin hin kenna; ani gosa biyya adda addaa keessaa ijjumaa isin hin balleessa; achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan› jedha. \s1 Raaga Biyya Mo'aabii Irratti Dubbatame \p \v 8 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Mo'aabii fi Se'iir, «Kolbaan Yihuda'aa akkuma gosa biyya adda addaa taanii ti» waan jedhaneef, \v 9 kunoo, ani qachoota Mo'aabiif akka dalleyaa te'anee ulfinna isi'ii te'aneeranu, Bet-Yeshimooti, Ba'aal-Me'onii fi Kiriiyatayim irraa jalqabee akka banamanu hin godha. \v 10 Haganaa achi Mo'aab\f + \fr 25:10 \fr*\fqa Mo'aab: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Amooni \fqa*\ft jedha.\ft*\f* gosa biyya adda addaa oddu'utti akka hin qaabatanne, worri Mo'aabii worra Amoonii woliin kolbaa worra gara aduun baatuutiin akka qabatamanu hin godha. \v 11 Ani worra Mo'aabii irratti muraa hin kenna. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha. \s1 Raaga Edoom Irratti Dubbatame \p \v 12 «Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaan Edoomii kolbaa Yihuda'aa irratti quuqeffattee haluu waan baateef, yakkaameyyii teeteerti; \v 13 tanaaf ani Mootiin Waan Maraa kolbaa Edoomii irratti harka kiyya diriirsee, namoota isaaniitii fi horii isaanii ijjumaa hin balleessa; qachaa Temaaniitii haga qachaa Dedaaniititti akka onu hin godha; kolbaalle shallaaga'aan hin dhumatti. \v 14 Ani harka kolbaa tiyya Israa'eliitiin, kolbaa Edoomii irratti haluu tiyya hin baafadha; isaan akkuma aari'ii fi mufii tiyyaatitti kolbaa Edoomii irratti hin tolchan; kolbaan Edoomiille akka ani haluu tiyya baafadhe hin beetti› jedha, Mootiin Waan Maraa. \s1 Raaga Biyya Filisxeemotaa Irratti Dubbatame \p \v 15 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Filisxeemotaa quuqaa duriitii fi hammeennaan worra Yihuda'aa irratti ka'anee haluu bayanee isaan balleessiisaaf waan yaadaneef, \v 16 ani Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, harka kiyya worra Filisxeemotaa irratti hin diriirsa; worra Qareexii fixee, ka qarqara abbaaya'aatitti jiru'uun hafanelle hin balleessa. \v 17 Ani xixansa halu'uutiin guddisee haluu isaan hin baya; mufii tiyyalle'een isaan hin adaba; yennaa ani haluu isaan baye, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe. \c 26 \s1 Raaga Qachaa Xiiroosii Irratti Dubbatame \p \v 1 Booji'annee woggaa kudhanii tokkeesso'oo keessa, ji'a keessa guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Qachaan Xiiroosii qachaa Yerusaalemiitiin, ‹Baga! Karri gosa biyya adda addaa caccaddeerti; balbalti isi'iille naaf bananteerti; inni waan oneef, ani hin qananooma› waan jedheef, \v 3 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ee Xiiroos! Kunoo, ani si'i irratti hin ka'a; akka abbaayaan danbalii ifii kaachu, anille gosa biyya adda addaa si irratti hin kaasa. \v 4 Isaan dalleya dhaka'aa keeti balleessanee, xelleephoo eeddotaalle hin caccassan; ani biyyee haree rassaa duwwaa si hin godha. \v 5 Akka addee odduu abbaaya'aa ta worri qurxummii guuratu caccoo ifii goffatiisaaf itti afatuu si hin godha; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. Gosi biyya adda addaa si hin saaman; \v 6 kolbaan adaala keeti lafa qarqara abbaaya'aa jirtulle shallaaga'aan hin ijjeefaman; achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha. \p \v 7 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, Xiiroosiin, ‹Kunoo, ani mootii moototaa ka te'e mootii Baabilonii Nebukadnezaar fardo'oo fi garreettota fardo'oo harkifamanu, abbootii fardo'ootii fi loltoota bacaa woliin kaaba irraa si'itti hin fida. \v 8 Inni kolbaa adaala keeti lafa qarqara abbaaya'aa jirtu shallaaga'aan hin fixa; haga qaccee dalleya dhaka'aa keetiititti kaabii itti marsee hin ijaara; wontee guddoo si irratti ol hin kaasa. \v 9 Inni waan dalleya dhaka'aa ittiin diiganu gara dalleya dhaka'aa keeti deebifatee hin diiga; inni agaraa ifiitiin xelleephoo eeddota teetii hin diiga. \v 10 Fardoon isaa bacaa waan teeteef, bukuun isaan kaasane si hin golliti. Inni akka nama qachaa cassee seenuu tokko karra teeti cassee yennaa seenu, hididdeessi abbootii fardo'oo, ka garreettaa geejjibaatii fi ka garreettaa fardaan harkifamuu dalleya dhaka'aa keeti hin raasa. \v 11 Kottee fardoo ifiitiin karaa keeti mara irra hin hirbeessan; kolbaa teeti shallaaga'aan hin fixan; utubooti keeti jajjabootille gad lafatti hin jigan. \v 12 Isaan waan ati ittiin duroommatte booji'anee, meya ati daldalattulle hin saaman. Isaan dalleya keeti hin diigan. Manni keeti dadansaan hin didiigama; dhakoota, mukootaa fi biyyee teeti abbaaya'atti hin gatan. \v 13 Ani sirba keeti hin dhaabbachiisa; kiraarri keetii guddichi deebi'ee hin dhage'amu. \v 14 Ani rassaa duwwaa si hin godha; atille addee worri qurxummii guuratu caccoo ifii goffatiisaaf itti afatu hin teeta. Ani Mootiin Waan Maraa waan dubbadheef, ati ijjumaa deebitee hin ijaarantu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \p \v 15 «Goottaan Mootiin Waan Maraa Xiiroosiin, ‹Worri madowe yennaa aadu, si keessatti yennaa wol qalanu, gikkeessa jinnana keetiitiin oddoolli hin raafamuu ree? \v 16 Qondaaltoti abbaayaa qarqaraa marti barcumaa mootummaa ifii irraa hin bu'an; woyaa ifii ta mootumma'aatii fi woyaa ifii ta seesaa san hin mulqatan. Isaan rommaa lafa irra hin tee'an; waan si irratti te'e kana hedaa yennaa mara hin sheephisan. \v 17 Isaan faaruu gaddaa marroo teetiif faarsaa, \q1 «‹Ee ati qachaa abbaayaa qarqaraa, ka beekkante, \q2 ka abbaayaa irratti bulchaa teete, \q2 atii fi worri si keessa le'anu, \q2 ka worra achi le'anu bararassitane, \q2 ati attam ijjumaa badde! \q1 \v 18 Guyyaa jinnanaa keetii qarqarri abbaaya'aa hin raafama; \q2 badii teetiin oddoolli hin rifata› jedha. \p \v 19 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani yennaa akka qachoota nami keessa hin jirree ona si godhu, yennaa bisaan qilee abbaaya'aa si irra garagalchu, \v 20 gara worra duri du'eeruu worra gad bu'u woliin, nami si keessa le'u akka hin jirraanne, diigama durii odduu akka leetu, gara boolla lafa jalaa gad si hin buusa; ati achii deebitee lafa worra jiraata'aa keessatti addee hin dhaggattu; \v 21 muummee teeti dhagganee akka sodaatanu hin godha; ati barbaadantulle ijjumaa deebitee hin dhaggantu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \c 27 \s1 Gadda Marroo Qachaa Xiiroosii \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Marroo qachaa Xiiroosiitiif faaruu gaddaa faarsi; \v 3 ati qachaa Xiiroosii, ka seensuma abbaaya'aa irra jirtu, ka gosa biyya adda addaa ka qarqara abbaaya'aa hedduu woliin daldalatuun, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ee qachaa Xiiroosii! Ati: Ani dansumma'aan dhidhinna hin qabu ifiin jetteerta. \q1 \v 4 «‹Meessaan keeti gadhaa abbaaya'aa keessa; \q2 worri si ijaare dansummaan teeti akka hin dhidhanne godheera. \q1 \v 5 Falaxaa muka keetii muka gaara Siinaaarii irraa hujane; \q2 utubaa keeti hindheensa Libaanonii irraa hujane. \q1 \v 6 Shaffisaa keeti muka qilxaa Baashaanii irraa hujane. \q2 Falaxaa muka Qophiroos irraa dhufee si'iif afanee, \q2 ilka arbaa itti maxxansanee seesane. \q1 \v 7 Marduufi hoboloo teetii quncee talba'aa \q2 ka biyya Gibxi'ii irraa hujame \q2 akka baandira'aa ka ati ittiin beekkante; \q2 gollaan keeti ka bifa cuquliisaatii fi dhiilleen, \q2 oddoola Eliishaahiitii dhufane. \q1 \v 8 Worri hoboloo teeti oofu Sidoonii fi Arwaad irraa dhufane; \q2 Ee qachaa Xiiroosii! Worri ogeeyyiin si keessa jiranu \q2 isaan worra hoboloo teeti oofe. \q1 \v 9 Maanguddooti Gebaaliitii fi ogeeyyiin isi'ii \q2 hoboloo teeti hujiisaaf si keessa jiraniiyyu; \q2 hobolooti abbaaya'aatii fi worri hoboloo oofu marti \q2 meya sitti gurguratiisaaf, \q2 si irralle'ee bitatiisaaf si keessa jiraniiyyu. \p \v 10 « ‹Namooti Faaresii, Ludii fi Fuxii loltoota te'anee loltoota teeti keessa tajaajilane. Isaan wonte'ee fi gullee sibiilaa si keessatti fannisanee akka ati ulfinna dhaggattu si godhane. \v 11 Namooti Arwaadiitii fi Helekii dalleya dhaka'aa ka si'itti naannowe eegane; namooti Gamaadiille xelleephoo teeti keessa jiraniiyyu. Isaan wontee ifii dalleya dhaka'aa keetitti fannisanee, dansummaan teeti akka hin dhidhanne godhane. \p \v 12 « ‹Tarshiish sababa qabeenna bacaa keeti ka adda addaatiif sitti daldalatte; meetii, sibiila, qorqooro'oo fi irsaasa fiddee meya keetiin jijjiiratte. \v 13 Yaawaan, Tubaalii fi Meshek sitti daldalatane; isaan garbootaa fi meya sageettu'uu meya keetiin jijjiiratane. \v 14 Worri Bet-Togaarmaalle fardoo fe'iisaa, fardoo woraanaatii fi gaangolee meya keetiin jijjiiratane. \v 15 Worri Rodii\f + \fr 27:15 \fr*\fqa Rod: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Dedaan jedha.\fqa*\f* sitti daldalatane; worri abbaayaa qarqaraa hedduun si irraa bitatanee, si'ille'etti gurguratane; isaan ilka arbaatii fi muka gurraacha gatii guddo'oo si'iif fidanee meya keetiin jijjiiratane. \v 16 Worri Sooriya'aa sababa meya keeti baca'aatiif sitti daldalatane; isaan dooqa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, woyaa liilanaan kuulantee dhowante, woyaa quncee talba'aa dadansaa, elellaanii fi dooqa diimaa meya keetiin jijjiiratane. \v 17 Worri Yihuda'aatii fi worri lafa Israa'elii sitti daldalatane; isaan qamadii biyya Miiniitii, sagalee mi'oottuu, damma, zayiti'ii fi uddowaa meya keetiin jijjiiratane. \v 18 Worri Damaasqo'oo sababa qabeenna bacaa keeti ka adda addaatiif sitti daldalatte; isaan daadhii woyni'ii ta Helbon irraa dhuttuu fi rifeensa hoole'ee ka Zaahaar irraa dhufu meya keetiin jijjiiratane. \v 19 Worri Daaniitii fi worri Yaawaanii ka Uzaal irraa dhufane sitti daldalatane; isaan sibiila tumame, qarafa'aa fi qurunfudi'iin meya keetiin jijjiiratane. \v 20 Worri Dedaanii gilaasii koora'aa sitti daldalatane. \v 21 Worri Arabaatii fi qondaaltoti Qedaarii marti buruusoo korbeeyyii hoole'ee, korbeeyyii hoole'eetii fi re'oota sitti daldalatane. \v 22 Daldaltooti Sheeba'aatii fi Ra'ima'aa sitti daldalatane; isaan uddowaa uddowaa mara caalu, dhakaa gatii guddo'ootii fi worqii meya keetiin jijjiiratane. \v 23 Worri qachoota Haraanii, Kanneetii fi Edenii, daldaltooti Shaba'aa, Asooriitii fi Kilmaadii sitti daldalatane. \v 24 Daldaltooti kun dikkoo teetitti woyaa dadansaa, woyaa bifa cuquliisaatii fi woyaa liilanaan kukuulantee dhowante, itillee dadansaa ta bifa adda addaatiin seefantee fi wodaroo akka dansaa dhowante gurguratane. \v 25 Hobolooti Tarshiishii meya ati gurgurte ba'atane. Maarre ati gadhaa abbaaya'aa keessatti akka hobolo'oo fe'iisa ulfaata'aan guutanteerta. \q1 \v 26 « ‹Worri si oofu gara ila abbaaya'aa si geessane. \q2 Qilleensi karaa aduun baatuu \q2 wodhakkaa abbaaya'aatitti si butuche. \q1 \v 27 Qabeenni keeti, mey keeti, daldalli keeti, \q2 worri yennaa hoboloon hammaattu miidhassanu, \q2 worri hoboloo oofanu, \q2 worri hoboloo keessa tajaajilanu, \q2 daldaltooti teeti \q2 loltooti teeti ta si keessaa marti \q2 namoota si keessa jiranu mara woliin \q2 guyyaa caccaba keetii \q2 qilee abbaaya'aatitti gad liqinfamanee, \q2 \v 28 iyya worra si oofuutiin \q2 worri qarqara abbaaya'aa hin raafaman. \q1 \v 29 Worri shaffisa'aan bisaan laaqu \q2 hoboloo ifii irraa bayanee hin deeman. \q1 Worri hoboloo oofanuu fi worri hoboloo keessaa marti \q2 hoboloo keessaa bayanee \q2 abbaayaa qarqara hin dhaabbatan. \q1 \v 30 Isaan marti bukuu mata'atti naqatanee, \q2 daadhaa irra gangalataa qoonqoo ol qabatanee, \q2 wiiccifatanee si'iif hin bowan. \q1 \v 31 Isaan si'iif mataa haadatanee, \q2 woyaa gaddaa hidha ifiitii hidhatanee, \q2 gadda gudda'aan wiiccifatanee \q2 si'iif hin bowan. \q1 \v 32 Isaan gaddaan wiiccifatanee si'iif bowaa, \q2 «Akka Xiiroosii ka abbaayaan liqinsitee bade hin jiraa?» jedhaa, \q2 faaruu gaddaa si'iif faarsan. \q1 \v 33 Mey keeti abbaayaa keessaa yennaa baye, \q2 ati gosa biyya adda addaa hedduu akka quufanu gooteerta; \q2 qabeenna keeti baca'aa fi meya keetiin \q2 mootota biyya lafaa dureeyyii gooteerta. \q1 \v 34 Ati amma qilee bisaan abbaaya'aa keessatti caccaddeerta. \q1 Mey daldala keetiitii fi hojjattooti teeti marti \q2 si woliin liqinfamaneeran. \q1 \v 35 Worri qarqara abbaaya'aa le'u martinuu \q2 waan si irratti te'een hin sheephisan; \q2 moototi isaanille bararaqanee \q2 fuulli isaanii bifa miliqeera. \q1 \v 36 Daldaltooti gosa biyya adda addaa \q2 rifatanee afaan banan; \q2 muummeen teeti guddoo nama sodaachitti; \q2 haga bara baraa deebitee hin jiraattu› jedha» jedhe. \c 28 \s1 Raaga Mootii Xiiroosii Irratti Dubbatame \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Ati qondaala Xiiroosiitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Gadhaan keeti kooree: Ani waaqa; gadhaa abbaaya'aa keessatti barcumaa waaqaa irra tee'a jetteerta; ati gadhaa keeti keessatti akka waaqaa qaroo ifi seetulle ati nama malee waaqaa moti. \v 3 Ati dhugumaan Daani'el caalaa qaro'oo ree? Wonni si jalaa miliqee hafeeru dhossaan takkaalle hin jirtuu ree? \v 4 Ati qarumma'aa fi hubantii teetiin karra horatteerta; mana meyaa keeti keessatti worqi'ii fi meetii wolitti qabatteerta. \v 5 Ati qarummaa teeti guddo'oon daldala keetiin karra teeti irratti karra ide'atteerta; gadhaan keeti karra teetiin kooreera. \p \v 6 «‹Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ati akka waaqaa qaroo waan ifi seeteef, \v 7 kunoo, ani orma, gosa biyya adda addaa keessaa irra caalaa gadhi-jabeeyyii si'itti hin fida; isaan waan dansaa ati qarummaa teetiin horatte irratti shallaagaa ifii buqqifatanee ulfinna keeti hin batteessan. \v 8 Isaan boolla keessa gad si hin buusan; ati abbaayaa wodhakka'atti du'a badduu hin duuta. \v 9 Ati worra si qalu duratti ammalle: Ani waaqa hin jettaa ree? Ati harka worra si qaluu keessatti nama malee waaqaa ree? \v 10 Ati harka ormaa keessatti du'a worra Waaqa malee le'uu hin duuta› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe. \s1 Jinnana Mootii Xiiroosii \p \v 11 Ammalle Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 12 «Ee ilma namaa! Marroo mootii Xiiroosiitiif, faaruu gaddaa faarsiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati ka qarumma'aan guutante, ka dansummaan teetille dhidhinna hin qanne, fakkeenna waan dhidhinna hin qannee teeteertaayyu. \v 13 Ati oorruu Waaqaa Eden keessa jirtaayyu; dhakooti gatii gugurdo'oo Saardiyon, tophaaziyon, Yaasphis, kirisoliixos, sardoniikis, beerilos, safiiros, kaarbunilii fi simaaragidos uffana ati uffatteertu; wonni sitti naqamee fi sitti maxxanfame martinuu worqii irraa hujamaneeran; isaan guyyaa ati dadante qopheeffamane. \v 14 Ani akka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu sanii eedduu godhee si muude. Ati gaara kiyya woyyicha irra leete; ati dhakoota ibiddaa odduu deddeebite. \v 15 Ati guyyaa dadanteen jalqaddee haga hammeenni si irratti dhaggametti ati dhidhinna hin qadduuyyu. \v 16 Daldalli keeti bacatee hunnaan nama irratti ka'iisaan guutantee, cubbuu hujje. Tanaaf ani gaara kiyya woyyicha irraa akka waan batti'iititti gad darbee si balleesse; ee ati ka akka dada ol-gubba'aa ta koola qadduu eedduu ka teete, ani odduu dhakoota ibiddaatii si balleesse. \v 17 Ati dansicha waan teeteef, gadhaan keeti si koore; ati ulfinna keetiif jettee qarummaa teeti balleessite. Tanaaf ani lafatti gad si darbee, moototi akka si ilaalanu godhe. \v 18 Yakkaa teeti bindilla'aan, daldala keeti ka balchummaa dhabeen, ati addee waaqonfanna'aa teeti batteessite; tanaaf ani ibidda si keessaa kaasee akka si fixu godhe. Worra si ilaalu mara duratti lafa irratti daadhaa si godhe. \v 19 Gosa biyya adda addaa keessaa worri si beeku marti hin sheephisan; muummeen teeti sodaachittuu hin teeti; ati haga bara baraa deebitee hin jiraattu› jedha» jedhe. \s1 Raaga Qachaa Sidoonii Irratti Dubbatame \p \v 20 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 21 «Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara qachaa Sidoonii deebifadhuutii raaga itti raagii, \v 22 kolbaa qachaa saniitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani isin irratti ka'eera; ee qachaa Sidoonii ani si keessatti hin ulfaadha. Yennaa ani sitti muree woyyummaa tiyya si keessatti mudhise, akka ani Mootii Waan Maraa te'e isin hin beettan. \v 23 Ani balaa isinitti hin erga; karaa keessan irratti dhiigi akka dhangala'u hin godha; karaa maraan shallaagaa isin irratti ka'uun wodhakkaa teessanitti namooti hin qalaman; achiin duuba isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. \s1 Waaqi Israa'el Hin Eebbisa \p \v 24 « ‹Haganaa achi ollaan tuffatee akka qumi'uudu'uu yookiin akka qore'ee ka kolbaa Israa'elii miidhu hin jiraatu. Isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha. \p \v 25 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Yennaa ani kolbaa Israa'elii gosa biyya adda addaa ta isaan keessa bittinnowane keessaa isaan wolitti qabee, gosa biyya adda addaa duratti yennaa ani woyyummaa tiyya isaanitti mudhisu, isaan lafa ifii ta ani garbicha kiyya Yaaqoobiif kenne keessa hin le'an \v 26 Isaan achi keessa nageyaan hin le'an; mana hin ijaaratan; woyniille hin dhaabbatan. Yennaa ani gosa biyya adda addaa ta ollaa isaanii worra isaan tuffatu mara adabu, Israa'elooti nageyaan hin le'an. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii te'e hin beekan› jedha» jedhe. \c 29 \s1 Raaga Biyya Gibxi'ii Irratti Dubbatame \p \v 1 Booji'annee woggaa kudhaneesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa kudhanii lammeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara mootii Gibxi'ii deebifadhuutii, isaa fi kolbaa Gibxi'ii mara irratti raaga raagi. \v 3 Mootii Gibxi'iitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani si irratti ka'eera! Ee Fara'oon mootii Gibxi'ii, ati jawwee guddittii laga ifii keessa ciittu; ati: Lagi Nayilii kiyya; ani laga kana ifiif dadadhe jetta. \v 4 Ani hookkoo sibiilaa a'oo teeti keessa hin keya; qurxummii laga keetii solloqqee teetitti hin maxxansa; qurxummii solloqqee teetitti maxxante san woliin laga keeti keessaa harkisee si hin baasa. \v 5 Ani si'ii fi qurxummii laga keetii mara lafa goomole'eetitti hin gata; reeffi keeti adoo hin awwaalamin diiduma irratti jigee hafa; ani allaatotaa fi bineensotaafille sagalee si hin godha. \v 6 Achiin duuba isin worri biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Sababille ati kolbaa Israa'eliitiif akka ulee shonbooqqo'oo teeteerta. \v 7 Yennaa isaan harka ifiitiin si qabane, ati babbaqaxxee gurmuu isaanii mara woraante; yennaa isaan sitti irkatane, ati caccaddee hidhi isaanii akka lellequ goote. \v 8 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani shallaagaa si'itti hin fida; namaa fi horii si keessaa ijjumaa hin balleessa. \v 9 Waan ati: Lagi Nayilii kiyya; natti isa dade jetteef, biyyi Gibxi'ii ontee duwwaa hin teeti. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. \v 10 Tanaaf, kunoo ani si'ii fi laga keeti irratti ka'eera; qachaa Miigdoliitiin jalqabee haga qachaa Aswaaniititti, haga meessaa Itoophiya'aatitti\f + \fr 29:10 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* biyya Gibxi'ii ijjumaa onsee duwwaa hin godha. \v 11 Miilli namaatii fi kotteen hori'ii isii keessa hin dabaranu; haga woggaa afurtamaa wonni tokko achi hin jiraattu. \v 12 Ani biyya Gibxi'ii biyyoota onane keessaa akka tokkootitti hin onsa; qachooti Gibxi'ii haga woggaa afurtamaa qachoota diigamane odduu ona te'anee hin tee'an. Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa keessa bittinneessee, biyya hedduu keessa hin faffacaasa. \p \v 13 «‹Woggaan afurtam dhumatteen duuba ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa ta isaan itti bittinnowane keessaa isaan wolitti hin qaba; \v 14 ani lafa isaan itti booji'amane keessaa deebisee, lafa isaanii ta durii kibba Gibxi'iititti\f + \fr 29:14 \fr*\fqa Kibba Gibxi'ii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Faaxros \fqa*\ft jedha.\ft*\f* isaan hin galcha; isaan achitti mootummaa dadhadduu hin te'an. \v 15 Mootummaan sun mootummoota dhibii caalaa dadhadduu waan teeteef, gosa biyya adda addaa irratti ijjumaa deebitee ifi ol hin qaddu. Ani akka isaan ijjumaa deebi'anee gosa biyya adda addaa hin bulchine guddoo isaan hin diqqeessa. \v 16 Kolbaan Israa'elii qarqaarsa gaafatiisaaf, gara biyya Gibxi'ii deemiisaan yakkaa hujane isaan qaabachiitti malee, haganaa achi isaan ijjumaa deebi'anee biyya Gibxi'ii qarqaarsa hin gaafatanu. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe. \s1 Nebukadnezaar Gibxi Hin Injifata \p \v 17 Booji'annee woggaa Diddamii torbeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 18 «Ee ilma namaa! Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar loltoota ifii duula jabaa Xiiroos irratti duulchisee, mataan isaanii luluqqa'ee, gurmuun isaanii ququnca'e; te'uu malee mootichaa fi loltooti isaalle eloo saniif Xiiroos irraa bu'aa tokkolle hin dhaggane. \v 19 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani lafa Gibxi'ii mootii Baabilonii Nebukadnezaariif dabarsee hin kenna; innille karra isi'ii saamee fudhatee hin deema; wonni inni saamee fudhate sun loltoota isaatiif mindaa hin teeti. \v 20 Isa fi loltooti isaa waan naaf hujaneef, gatii eloo isaatiif ani lafa Gibxi'ii isaaf kenneera. \p \v 21 « ‹Guyyaa san ani kolbaa Israa'eliitiif jabeenna hin kenna; atille isaan keessatti afaan keeti akka saaqattu hin godha. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe. \c 30 \s1 Biyyi Gibxi'ii Hin Adabanti \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Raaga raagiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Wiiccifadhuu bowiitii: Guyyaa saniif aanne'e jedhi. \q1 \v 3 «‹Guyyaan sun dhikaateera; \q2 guyyaan Mootii Waan Maraa dhikaateera. \q1 Guyyaan sun guyyaa duumensaa ti; \q2 gosa biyya adda addaatiif yennaa mura'aa ti. \q1 \v 4 Biyya Gibxi'iititti shallaagaan hin dhufa; \q2 biyya Itoophiya'aalle'etti\f + \fr 30:4 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* muddam hin dhufa. \q1 Worri qalame biyya Gibxi'ii keessatti yennaa jiganu, \q2 karri isi'ii hin fudhatanti; \q2 hundeen isi'iille hin diiganti. \p \v 5 « ‹Itoophiyaan\f + \fr 30:5 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f*, Fuxi, Ludi, worri Arabaa marti, gumiin kolbaa garagaraalle, biyyi Kubiitii fi kolbaan biyya sanii worri ani dur isaan woliin gondooroo godhadhe biyya Gibxi'ii woliin shallaaga'aan hin dhumatan› jedha. \p \v 6 «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Gibxi qarqaaru marti hin dhumatan; hunni isiin ittiin koortulle hin salphatti; Miigdolii haga Aswaaniititti isii keessatti shallaaga'aan hin dhumatan. \v 7 Biyyi Gibxi'ii biyyoota onane wodhakka'atti ona hin teeti; qachooti isi'iille qachoota diigamane wodhakka'atti hin diigaman. \v 8 Yennaa ani biyya Gibxi'iititti ibidda qassiisu, worri isii qarqaaru marti yennaa caccabu, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. \p \v 9 « ‹Guyyaa san ergantooti na biraa hobolo'oon, kolbaa Itoophiya'aa\f + \fr 30:9 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* ta bidhaa hin qanne akka bararaqanu godhiisaaf hin bayan; guyyaa Gibxi'itti muratu san muddam isaanitti hin dhufa. Kunoo, muddam sun hin dhufa› jedha. \p \v 10 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti kolbaa Gibxi'ii bindillaa hin fixa. \v 11 Innii fi loltooti isaa gadhi-jabeeyyiin lafa balleessiisaaf hin dhufan; shallaagaa ifii worra Gibxi'iititti buqqifatanee lafa san worra qalameen hin guutan. \v 12 Ani laga Nayilii hin gossa; lafalle worra hamaaleyyi'itti hin gurgura; lafaa fi waan isii keessaa mara harka worra ormaatiin hin onsa. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha. \p \v 13 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani waaqota dharaa hin balleessa; fakkii waaqotaalle qachaa Memfiisii keessaa ijjumaa hin balleessa; biyya Gibxi'ii keessa haganaa achi qondaalli hin jiraatu; lafa Gibxi'iititti sodaa hin buusa. \v 14 Ani kibba Gibxi'ii\f + \fr 30:14 \fr*\fqa Gibxii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Faaxros\fqa*\ft jedha\ft*\f* hin onsa; Zo'aanitti ibidda hin naqa; qachaa No'iille'etti hin mura. \v 15 Ani kushee jadduu biyya Gibxi'ii qachaa Siinii irratti mufii tiyya hin dhangalaasa; kolbaa bindillaa No'iille hin balleessa. \v 16 Ani biyya Gibxi'iititti ibidda hin naqa; qachaan Siinii akka dubartii deettuu hin ciniinsifata; dalleenni dhaka'aa ka No'ii hin caba; qachaan Memfiisiille yennaa mara diinaan hin rakkata. \v 17 Dargaggooti qachaa Aweeniitii fi Phii-Besetii keessa jiranu martinuu shallaaga'aan hin dhumatan. Dubartooti qachaa san keessaa hin booji'aman. \v 18 Yennaa ani waanjoo biyya Gibxi'ii caccassu, qachaa Taahafenee keessatti guyyaan hin dukkana; hunni isiin ittiin koortulle hin baddi; duumensalle'een hin gollama; worri aadaa isaa le'u hin booji'aman. \v 19 Akka kanaan ani biyya Gibxi'ii hin adaba; isaanille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe. \s1 Biyyi Gibxi'ii Hin Dadhaddi \p \v 20 Booji'anee woggaa kudhanii tokkeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo, guyyaa torbeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 21 «Ee ilma namaa! Ani irree Fara'oonii mootii Gibxi'ii casseera; kunoo, hiituu itti mariisaan fayyitee, jabaattee shallaagaa qabatuu akka dandeettu, irreen sun hidhantee hin jirtu. \v 22 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani Fara'oonii mootii Gibxi'ii irratti hin ka'a; irree isaa lamaanuu ta caddee fi fayyaalettiille hin caccassa; shallaagaan harka isaatii akka bu'u hin godha. \v 23 Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa odduu hin bittinneessa. Biyya hedduu keessa hin faffacaasa. \v 24 Irree mootii Baabilonii hin jabeessa; shallaagaa kiyya harka isaa keessa hin keya; irree mootii Gibxi'ii ammoo hin caccassa; inni akka nama akka malee madowee isa duratti hin aada. \v 25 Ani irree mootii Baabilonii hin jabeessa; irreen motii Gibxi'ii ammoo irraa hin buuti; yennaa ani shallaagaa kiyya harka mootii Baabilonii keessa keyee, yennaa inni worra Gibxi'iititti mirmirsu, yoos isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. \v 26 Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa odduu hin bittinneessa. Yoos isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe. \c 31 \s1 Fakkeenna Hindheensa Libaanonii \p \v 1 Booji'annee woggaa kudhanii tokkeesso'oo, ji'a sadeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Fara'oonii mootii Gibxi'iitii fi kolbaa isaa bindilla'aan, ‹Guddinnaan ati eennu fakkaatta? \q1 \v 3 «‹Kunoo, Asoor dur akka hindheensa Libaanon keessaa \q2 ka dameelee dadansa'aa \q2 ka gaaddisa gongoma'aa, \q2 ka ol dheeratee, \q2 qacceen isaa duumensa odduu jirtuu ti. \q1 \v 4 Bisaan isa ol dheeresse; \q2 maddi qile'ee isa guddisee, \q2 adaala inni latetti lagi akka yaa'u godhee, \q2 bisaan gara mukoota gongomaa keessaa akka yaa'anu godhe. \q1 \v 5 Bisaan guddaa waan dhaggateef, \q2 mukoota baddaa keessa jiranu mara caalaa dheerate; \q2 dameeleen isaa lattee dheeratte. \q1 \v 6 Sinbirrooti marti dameelee isaa keessatti mana ifii ijaarratane; \q2 bineensoti marti dameelee isaa jalatti ilmoolee dhalane. \q1 Gosi biyya adda addaa gugurdoon marti \q2 gaaddisa isaa jala leete. \q1 \v 7 Hiddi isaa gara bisaan gudda'aa gad waan seeneef, \q2 banqaaqiisaa fi dheerinna dameelee ifiitiin hin miidhagaayyu. \q1 \v 8 Hindheensi oorruu Waaqaa keessa jiruuyyuu isa woliin wol hin qixxawu; \q2 muki gosa adda addaa ka dameelee dheertuu akkasii qabu hin jiru. \q2 Mukooti oorruu Waaqaa keessaa \q2 ka miidhaginna isaatiin wol qixxawu tokkolle hin jiru. \q1 \v 9 Ani dameelee banqaaxxuu isaatiin akka inni miidhagu godheera; \q2 mukooti oorruu Waaqaa keessa jiranu marti isa hinaafane. \p \v 10 « ‹Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Inni ol dheeratee, qacceen isaalle duumensa dhaqqaddee, dheerinna ifiitiin waan kooreef, \v 11 ani harka bulchitoota gosa biyya adda addaatitti dabarsee isa hin kenna. Inni akka hammeenna ifiititti gatii hujii ifii hin dhaggata; ani baasee isa hin gata. \v 12 Gosi ormaa ta biyya adda addaa gadhi-jabeeyyiin isa muranee, jissanee lakkisane; dameeleen isaa gaaraa fi dhooqa mara keessatti caccaddee hin harcaati; dameeleen isaa bowwaa lafa sanii keessatti hin caccaddi; gosi biyya adda addaa ta gaaddisa isaa jala jirtu marti isa lakkisanee hin deeman. \v 13 Sinbirrooti marti jirma isaa ka jige san irratti qubatanee, bineensoti marti dameelee isaa oddu'utti galane. \v 14 Tanaaf, muki laga qarqaraa marti, baala rubbanaan gubba'atti dameelee ifii ol yaafatee, haganaa achi kooree mataa ifii ol hin baafatu. Haganaa achi muki bisaan akka maltetti dhaggate marti akka kana hojjaa hin qabaatu. Tokko tokkoon isaanii worra du'aaf kennamane, ka gara qile'ee gad bu'anu woliin akka gad bu'u itti murteeffameera. \v 15 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Guyyaa hindheensi sun gara addee worri du'e jiruu gad bu'u, gaddi akka te'u godhe; ani bisaan qile'ee duuche; laga isaalle cufe; bisaan hedduulle dhaabbachiise. Sababa isaatiif gaarri Libaanonii dukkana akka uffatu godhe. Mukooti badda'aa marti qoorane. \v 16 Yennaa ani worra gara boolla addee worri du'e jiru, gad bu'u woliin gara addee worri du'e jiruu gad isa buuse, huuruu jinnana isaa dhageettee gosi biyya adda addaa akka hollattu godhe. Mukooti Edenii marti, mukooti Libaanonii ka filatamane martii fi mukooti bisaan akka dansaa dhaggatane ka qilee lafaan jalaa keessa jiranu mara jinnana isaatiin gammadane. \v 17 Gosa biyya adda addaa keessaa worri gaaddisa isaa jala le'ee, ka golii te'elle, isa woliin worra shallaaga'aan qalamanee addee worri du'e jirutti gad bu'ane. \p \v 18 « ‹Mukoota Edenii keessaa ulfinnaa fi guddinnaan si woliin ka wol fakkaatu kam ree? Te'uu malee atille mukoota Edenii woliin gara lafa jalaatitti gad hin buuta; ati worra shallaaga'aan qalame woliin worra Waaqa malee le'u odduu hin irkatta. \p «‹Kun fakkeenna Fara'ooniitii fi kolbaa bindillaa isaa ti, jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa› jedhi» jedhe. \c 32 \s1 Faaruu Gaddaa Ta Marroo Fara'oonii \p \v 1 Booji'annee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a kudhanii lammeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Fara'oonii mootii Gibxi'iitiif faaruu gaddaa faarsiitii, isaan, ‹Ati gosa biyya adda addaa keessatti akka neenqaa ti; te'uu malee akka bineensa naacha fakkaatu ka abbaayaa keessaa ti; ati laga keeti keessa bisaan facaasaa, miila keetiin kokorsaa laga isaanii booressita. \v 3 Mootiin Waan Maraa: Ani gosa biyya adda addaa heddu'uun caccoo tiyya si irratti hin diriirsa; isaan caccoo tiyyaan ol si hin harkisan. \v 4 Ani lafa irratti si hin gata; diida irra si hin buusa; allaattiin adda addaa akka si irra tee'anu hin godha; bineensoti lafa irraa marti si nyaatanee akka quufanu hin godha. \v 5 Ani foon keeti gaarota hedduu irratti hin xeera; dhooqa hedduulle foon keetiin hin guuta. \v 6 Ani dhiiga keeti ka dhangala'uun haga gaaraatitti lafa hin obaasa; lagi marti dhiiga keetiin hin guutaman. \v 7 Ani yennaa haxowee si balleessu, ol-gubbaa hin golla; urjoota ol-gubba'aalle hin dukkaneessa; aduu duumensaan hin golla; jiinille ifa ifii hin kennu. \v 8 Ifa ol-gubba'aa mara si irratti hin dukkaneessa; lafa teeti irratti dukkana hin fidda› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \p \v 9 «Biyya ati hin beenne keessatti, gosa biyya adda addaa oddu'utti ani badii yennaa sitti fidu, gadhaa kolbaa heddu'uu hin raasa. \v 10 Ani isaan duratti shallaagaa kiyya yennaa mirmisse, kolbaan hedduun marroo waan keetiitiif akka rifatanu hin godha; mootoleen isaaniille sodaatanee hin hollatan. Guyyaa jinnana keetii tokko tokkoon isaanii yennaa mara lubbuu ifiitiif hin sodaatan. \p \v 11 «Goottaan Mootiin Waan Maraa mootii Gibxi'iitiin, ‹Shallaagaan mootii Baabilonii si irratti hin dhufa. \v 12 Ani kolbaa teeti bindillaa shallaagaa worra hunnaameyyi'ii, gosa biyya adda addaa gadhi-jabeeyyi'iitiin akka ijjeefamanu hin godha. Isaan koora Gibxi'ii hin balleessan; kolbaan isi'ii bindillaan sun marti hin baddi. \v 13 Ani horii isi'ii mara bisaan hedduu biraa hin balleessa; haganaa achi miilli namaa yookiin kotteen hori'ii bisaan san hin booressu. \v 14 Achiin duuba ani bisaan worra Gibxi'ii qararee akka qullowu hin godha; lagi isaanii akka zayiti'ii laana akka lola'u hin godha. \v 15 Yennaa ani biyya Gibxi'ii onsee, waan isii keessa guute mara balleesse, worra achi keessa le'u mara yennaa dhowe, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. \v 16 Faaruun gaddaa ta isaan faarsanu tana; dubartooti gosa biyya adda addaa faaruu gaddaa isi'iif hin faarfatan; isaan Gibxi'ii fi kolbaa isi'ii bindilla'aaf faaruu gaddaa hin faarfatan› jedha» jedhe. \p \v 17 Booji'annee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo, guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 18 «Ee ilma namaa! Kolbaa bindillaa Gibxi'iitiif bowi; isaanii fi dubartoota gosa biyya adda addaa hunnaameyyi'ii worra gara boollaa gad deemu woliin gara qilee lafa jalaa gad ergi. \v 19 Isaaniin, ‹Isin dansumma'aan worra kaan caalaa hin jaalatantanii ree? Gad bu'a'aatii worra Waaqa malee le'u odduu irkadha'a› jedhiin. \p \v 20 «Isaan worra shallaaga'aan ijjeefamane wodhakka'atti hin jigan; Gibxiin shallaaga'aaf dabarfantee kennanteerti; isi'ii fi kolbaa isi'ii bindillaalle harkisa'aa gata'a. \v 21 Sooressitooti hunnaameyyiin, addee worri du'e jiru keessaa marroo Gibxi'iitii fi marroo kolbaa isi'ii bindilla'aa, ‹Isaan as gad dhufanee worra Waaqa malee le'u, ka shallaaga'aan ijjeefamane woliin irkataneeran› jedhanee hin dubbatan. \p \v 22 «Asoorille awwaala loltoota ifii maraan marfantee achi jirti; isaan martinuu shallaaga'aan ijjeefamanee, \v 23 boolla qilee keessa jiran; loltooti isi'iille adaala awwaala isi'ii ciisan; lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti worri akka nami bararaqu godhe marti shallaaga'aan ijjeefamane. \p \v 24 «Elaamille awwaala kolbaa isi'ii bindilla'aa maraan marfantee achi jirti; marti isaaniituu shallaaga'aan ijjeefamane; lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti worri akka nami bararaqu godhe marti du'a worra waaqa malee le'uu du'anee, boolla qile'eetitti gad bu'aneeran; worra boolla qile'eetitti gad bu'e woliin salphataneeran. \v 25 Isaan kolbaa isi'ii bindillaa adaala awwaala isi'ii jiranu mara woliin, worra qalame odduu taqee isi'ii keyane; marti isaaniituu akka worra Waaqa malee le'uu, shallaaga'aan ijjeefamane. Lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti akka nami bararaqu waan godhaneef, worra boolla qile'eetitti gad bu'u woliin salphataneeran; isaan worra qalame odduu ciisaneeran. \p \v 26 «Meshekii fi Tubaalille awwaala kolbaa isaanii bindilla'aatiin marfamanee achi jiran; lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti akka nami bararaqu waan godhaneef, marti isaaniituu akka worra Waaqa malee le'uu, shallaaga'aan ijjeefamane. \v 27 Isaan worra hunnaameyyii bara heddu'uun dura du'ee, meya ifii ka woraanaa mara woliin addee worri du'e jirutti gad bu'e woliin hin irkanne. Worri hunnaameyyiin kun yennaa lubbu'uun jiranu worra kolbaa bararasse, ka shallaagaa ifii boraafatanee, wontee ifii qoma irratti qabatanee awwaalame. \p \v 28 «Ee mootii Gibxi'ii! Atille caccaddee, worra Waaqa malee le'u ka shallaaga'aan ijjeefame odduu hin irkatta. \p \v 29 «Edoom, moototi isi'iitii fi qondaaltoti isi'ii marti achi jiran; isaan adoo worra hunnaameyyii te'anee jiranuu, worra shallaaga'aan ijjeefame woliin irkataneeran; worra Waaqa malee le'uu ka gara boolla qile'ee gad bu'e woliin irkataneeran. \p \v 30 «Qondaaltoti gara kaabaatii fi worri Sidoonii marti achi jiran; isaan worra qalamee woliin salphatanee gara boollaa gad bu'ane; hunni isaanii ta akka nami bararaqu gootu adoo teetuu, worra dhumatane, ka salphatane, ka Waaqa malee le'anu, ka shallaaga'aan ijjeefamanee boolla qile'etti gad bu'ane woliin irkataneeran. \p \v 31 «Mootiin Gibxi'ii yennaa isaan dhagge, gadda loltoota ifii bindillaa shallaaga'aan dhumatanee mara irraa hin jajjabaata. \p \v 32 «Ani lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti akka nami bararaqu akka inni tolchu godhulle, mootii Gibxi'iitii fi loltooti isaa bindillaan marti worra Waaqa malee le'u ka shallaaga'aan ijjeefamane woliin hin irkatan jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe. \c 33 \s1 Hizqi'el Eedduu te'e \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Kolbaa teetitti dubbadhuutii, isaaniin, ‹Ani lafa takka irratti woraana yoo fide, kolbaan lafa sanii ifi keessaa nama tokko fuutee eedduu yoo godhatte, \v 3 inni woraanni dhufuun dhaggee, tultullaa afuufee kolbaa yoo ifi eeggachiise, \v 4 nami tokko qoonqoo tultulla'aa san dhage'ee yoo ifi eeggatuu dhabee, woraanni sun dhufee yoo isa ijjeese, dhiiga ifiitiif isumatti itti gaafatama. \v 5 Inni qoonqoo tultulla'aa san dhage'ee waan ifi eeggatiisa dhabeef dhiiga ifiitiif isumatti itti gaafatama; inni adoo ifi eeggatee jiraatee, silaa lubbuu ifii hin hamburataayyu. \v 6 Eedduun sun ammoo woraana dhufiisatti jiru dhaggee, tultullaa afuufee kolbaa yoo ifi eeggachiisuu dhabe, woraanni dhufee isaan keessaa nama tokko yoo ijjeese, nami sun yakkaa ifiitiif hin ijjeefama, ani ammoo dhiiga isaa harka eedduu sanii keessaa hin barbaada› jedhi. \p \v 7 «Ee ilma namaa! Ani kolbaa Israa'eliitiif eedduu si godheera; ati yennaa jecha afaan kiyyaa dhageettu mara isaan ifi eeggachiisi. \v 8 Ani nama hama'aan, ‹Ee nama hama'a! Ati dhugumaan hin duuta› yoo jedhe, ati ammoo akka inni hujii hantuu ifii irraa deebi'u yoo ifi hin eeggachiisin, nami hamaan sun cubbuu ifiitiin hin du'a; ani ammoo dhiiga isaa harka keeti keessaa barbaada. \v 9 Ati ammoo nami hamaan sun hujii hantuu ifii irraa akka deebi'u yoo ifi eeggachiitte, inni hujii hantuu ifii irraa yoo hin deebi'in, inni cubbuu ifiitiin hin du'a; ati ammoo lubbuu teeti hin baafatta. \s1 Nami Cubbuu Ifii Irraa Deebi'e Hin Le'a \p \v 10 «Ee ilma namaa! Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Isin: Yakka'aa fi cubbuun teenna nutti ulfaataneeran; sababa kanaan huqqatiisatti jirra. Maarre attamiin jiraanna ree? jettan› jedhiin. \v 11 Ati isaaniin, ‹Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa jiraata'a! Nami hamaan hujii hantuu ifii irraa deebi'ee akka jiraatu malee, du'a nama hama'aatitti hin gammaddu. Ee kolbaa Israa'elii, isin maaf duutan ree? Karaa hamaa keessan irraa deebi'a'a! Deebi'a'a!› jedhiin. \p \v 12 «Ammalle ilma namaa! Ati kolbaa keetiin, ‹Nami balchaan deebi'ee cubbuu yoo huje, balchummaan isaa ta durii sun isa hin fayyittu; nami hamaan hammeenna ifii ka durii san irraa yoo deebi'e, hammeenna ifii ka durii saniin hin badu; nami balchaan cubbuu yoo huje, balchummaa ifii ta duriitiin jiraachuu hin dande'u› jedhi. \v 13 Ani nama balcha'aan, ‹Ati dhugumaan lubbu'uun hin jiraatta› jedheenii, inni ammoo balchummaa ifiititti addatee, cubbuu yoo huje, sababa cubbuu ifiitiif hin du'a malee, hujiin balchummaa isaa ta durii takkaalle isaaf hin yaadatantu. \v 14 Ammalle, ani nama hama'aan, ‹Dhugumaan ati hin duuta› jedheenii, inni ammoo cubbuu ifii irraa deebi'ee, haqaa fi waan sirrii te'e yoo huje, \v 15 liqaa kenneef waan qaddii qabate yookiin waan saamee fudhate yoo deebise, seera jiru'uu gula yoo ideeme, cubbuu hujiisa yoo lakkise, inni dhugumaan hin jiraata malee hin du'u. \v 16 Cubbuun inni huje takkaalle isatti hin laakkowantu. Inni haqaa fi waan sirrii te'e waan hujeef, dhugumaan hin jiraata. \p \v 17 «Kolbaan teeti, ‹Karaan Mootii Waan Maraa sirri'ii moti› jetti; ka sirrii hin te'in garuu karaa isaanii ti. \v 18 Nami balchaan balchummaa ifii irraa deebi'ee waan haqa hin te'in yoo huje, waan hantuu hujeef hin du'a. \v 19 Nami hamaan cubbuu huje irraa deebi'ee haqaa fi waan sirrii te'e yoo huje, inni tana waan godheef lubbu'uun hin jiraata. \v 20 Isin ammoo, ‹Karaan Mootii Waan Maraa sirri'ii moti› jettan. Ee kolbaa Israa'elii, ani tokko tokkoo keessanitti akka ideensa keessaniititti hin mura» jedhe. \s1 Oduu Jinnana Yerusaalemii \p \v 21 Booji'annee woggaa kudhanii lammeesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti, Yerusaalem keessaa nami baqatee baye tokko gara kiyya dhufee, «Qachaan qabameera!» jedhe. \v 22 Nami baqatee dhufe sun na bira adoo hin geyin, galgala irreen Mootii Waan Maraa gara kiyya dhuttee, nami sun na bira adoo hin geyin, ganama Mootiin Waan Maraa afaan kiyya bane; maarre afaan kiyya banamee anille yennaa sanii jalqabee hin cadhinne. \p \v 23 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 24 «Ee ilma namaa! Lafa Israa'elii keessa, qachaa diigame san keessa kolbaan leetu, ‹Abrahaam nama tokko qofaayyu; te'uu malee lafa fudhate; nuuti ammoo baca'a; akka fudhannuuf latti dhugumaan nu'uuf kennanteerti› jetti. \p \v 25 «Tanaaf ati isaaniin: ‹Mootiin Waan Maraa: Isin foon dhiiga woliin nyaattan; waaqota dharaa waaqonfattan; dhiigalle hin dhangalaattan; tana mara tolchaa lafa fudhattanii ree?. \v 26 Isin shallaagaa keessan addatan; waan battii hujjan; tokko tokkoon keessan niitii namaa batteessitan; tana mara tolchaa lafa fudhattanii ree? jedha› jedhiin. \p \v 27 «Ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Dhugumaan ani Waaqa jiraata'a! Worri qachoota diigamane keessatti hafe marti shallaaga'aan hin ijjeefaman; worra qacha'aan ala le'u ammoo akka isaan nyaatamanu ani bineensaaf dabarsee isaan hin kenna; worri kushee jaddu'uu fi goda keessa jiranu dhukkuba hama'aan dhumatan. \v 28 Ani lafa onsee duwwaa hin godha; hunni isiin ittiin koortulle hin dhumatti; gaaroti Israa'elii ona hin te'an; nami tokkolle keessa hin qaxxaamuru. \v 29 Isaan waan battii waan hujaneef, ani lafa onsee duwwaa yennaa godhu, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedhi. \p \v 30 «Ee ilma namaa! Kolbaan teeti dalleya qacha'aatii fi balbala mana ifii biratti waan keeti yennaa mari'atanu, ‹Kowa'a, jecha Mootii Waan Maraa biraa dhufe dhageennaa ti› woliin jedhan. \v 31 Isaan akkuma yennaa mara godhanu kolbaan tiyya waan ati dubbattu dhage'iisaaf si dura hin tee'an; te'uu malee waan ati itti dubbattu hin muummessanu; afaan ifiitiin waan jaalalaa dubbatan; gadhaan isaanii ammoo bu'aa haqa hin te'in gula deema. \v 32 Kunoo, ati isaaniif akka nama qoonqoo dansa'aan sirba jaalalaa meya sirbaatiin akka dansaa sirbuu ti; isaan waan ati dubbattu hin dhage'an malee, hin muummessanu. \v 33 Wonni ati dubbatte, ta dhugumaan muummowu'uuf jirtu tun yennaa teetu, raagaan odduu isaanii akka jiru hin beekan» jedhe. \c 34 \s1 Raaga Tissitoota Israa'elii Irratti Dubbatame \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Tissitoota Israa'elii irratti raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Tissitoota Israa'elii worra ifi qofa tiffatuuf aanne'e! Tissitooti silaa hoolota tissitii motii? \v 3 Isin cooma nyaattan; woyaa rifeensa hoole'ee irraa hujante uffattan; hoolota gabbatte qalattan; hoolota ammoo hin tissitanu. \v 4 Isin worra dadhabeeru hin jajjabeessine; worra dhibameeru hin fayyine; worra cabeeru hin hiine; worra karaa irraa goreeru hin deebinne; worra badeeru hin barbaanne; isin hunnaa fi gadhi-jabeennaan hoolota tissitane. \v 5 Hooloti tissee waan hin qanneef bittinnowanee, bineensota badda'aa maraaf sagalee te'ane. \v 6 Hooloti tiyya gaarota maraa fi koobota dhedheertuu mara irra joonjane; isaan lafa mara irra bittinnowane; nami isaan barbaade yookiin ka isaan ilaale tokkolle hin jiru. \p \v 7 « ‹Tanaaf, isin tissitooti, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! \v 8 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Dhugumaan ani jiraata'a! Hooloti tiyya tissee waan hin qanneef, tissitooti tiyya ifi qofa waan tiffatanuuf, hooloti tiyya ka isaan barbaadu dhabanee bineensaaf sagalee te'ane. \v 9 Tanaaf, isin tissitoota, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! \v 10 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani tissitoota irratti hin ka'a; hoolota tiyya harka isaanii keessaa hin barbaada; haganaa achi akka isaan hoolota tiyya hin tissine hin godha; tissitootille haganaa achi ifi qofa hin tissanu; ani hoolota tiyya afaan isaanii keessaa hin baasa; haganaa achi isaan sagalee isaanii hin te'anu. \s1 Waaqi Tissee Dansa'a \p \v 11 « ‹Ammalle Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, aninuu hoolota tiyya hin barbaadadha; hin tiffadhalle'e. \v 12 Akkuma tissitooti yennaa hoolota ifii tiffatanu hoolota bittinnootte barbaadanu, anille hoolota tiyya hin barbaadadha; guyyaa duumensaatii fi guyyaa dukkanaa addee isaan itti bittinnowaneeranuu isaan hin baasa. \v 13 Ani gosa biyya adda addaa keessaa isaan baasee, biyya hedduu keessaa isaan wolitti qabee lafa isaaniititti isaan hin deebisa. Gaarota Israa'elii irra, lagoota bisaanii bira, lafa nami keessa le'u mara irra isaan hin tiffadha. \v 14 Ani addee marri dansaan jirutti isaan hin bobbaasa; gaaroti Israa'elii dhedheeraan addee dheeda isaanii hin te'an. Isaan achi lafa marri dansaan jiru irra hin ciisan; achi gaarota Israa'elii irra addee marri dansaan jiru hin dheedan. \v 15 Aninuu tissee hoolota tiyyaa hin te'a; aninuu akka isaan foorfatanu hin godha jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \v 16 Ani ta baddeertu hin barbaada; ta karaa irraa gorteertu hin deebifadha; ta caddeertu hin hidhadha; ta dadhaddeertu hin jajjabeeffadha; ta coonteertuu fi ta jabaatteertu hin balleessa; ani haqaan isaan hin tissa. \p \v 17 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani marroo isin hoolota tiyyaa, hoolotaa fi hoolota wodhakka'atti, korbeeyyii hoole'eetii fi korbeeyyii re'e'ee wodhakka'atti muraa hin kenna. \v 18 Marra dansaa dheediis isin hin gewuu? Ka hafe miila keessaniin irra sirbuu qaddanii ree? Bisaan qulluu uniis isin hin gewuu? Ka hafe miila keessaniin booressuu qaddanii ree? \v 19 Hooloti tiyya waan isin miila keessaniin irra sirbitane dheedanee, bisaan isin miila keessaniin booressitane unanii ree? \p \v 20 « ‹Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, isaaniin: Kunoo, aninuu hoolota tiyya ta coonteertuu fi ta huqqatteertu wodhakka'atti muraa hin kenna. \v 21 Isin hoolota dadhaddeertu haga isaan bittinneessitanutti cinaachaa fi gurmuu teessaniin waan isaan darbitanuuf, gaafa keessanille'een waan isaan woraantanuuf, \v 22 ani hoolota tiyya hin baasa; haganaa achi isaan hin nyaatamanu; ani hoolotaa fi hoolota wodhakka'atti muraa hin kenna. \v 23 Ani tissee tokko garbicha kiyya Daawiti isaaniif hin kenna; innille isaan hin tissa; inni isaan bobbaasee tissee isaaniif hin te'a. \v 24 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa isaanii hin te'a; garbichi kiyya Daawitille isaan oddu'utti qondaala hin te'a; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. \v 25 Ani Gondooroo nageyaa isaan woliin hin godhadha; akka isaan nageyaan goomolee keessa le'anee, gongomaa keessa ciisanu, bineensota badda'aa lafa isaanii keessaa hin balleessa. \p \v 26 « ‹Ani isaan, addee adaala gaara kiyyaalle hin eebbisa; yennaa eegatee bokkeenni akka roobu hin godha; bokkeenni sun bokkeya eebbaa hin te'a. \v 27 Mukooti badda'aa midhaan ifii hin buusan; lattille midhaan hin kenniti; kolbaalle lafa ifii keessa nageyaan hin leeti. Ani waanjoo isaanii caccassee, harka worra isaan garboonfatee keessaa yennaa isaan baase, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. \v 28 Isaan haganaa achi gosa biyya adda addaatiin hin nyaatamanu; bineensaafille sagalee hin te'anu; wonni isaan sodaachisu tokkolle adoo hin jiraatin nageyaan hin le'an. \v 29 Haganaa achi akka isaan beelaan hin dhumanne, cooraa gosa biyya adda addaatiin akka isaan hin rakkanne, ani lafa midhaaniin beekkante isaaniif hin kenna. \v 30 Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii isaan woliin akka jiruu fi kolbaan Israa'elii kolbaa tiyya akka teete isaan hin beekan jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \p \v 31 « ‹Isin hoolota tiyya, kolbaa Israa'elii ta ani tiffadhu; anille Waaqa keessan› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe. \c 35 \s1 Raaga Gaara Biyya Se'iirii Irratti Dubbatame \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Fuula keeti gara biyya Se'iirii deebifadhuu raaga itti dubbadhuutii, \v 3 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, gaara biyya Se'iirii, ani harka kiyya si irratti diriirsee, onsee duwwaa si hin tolcha. \v 4 Ani qachoota keeti diigee ona si hin tolcha; achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta. \p \v 5 « ‹Ati Israa'elootatti diina teetee, quuqaa bara dheera'aa qabattee, yennaa rakkinni dhumaatii fi yennaa adabbiin isaan dhaqqadde, shallaaga'aaf dabarsitee isaan kenniteerta. \v 6 Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa, dhugumaan Waaqa jiraata'a! Dhiigi keeti akka dhangalaafamu dabarsee si hin kenna; ka dhiiga dhangalaasu si hin ari'a. Dhiiga dhangalaasiisa waan hin jibbiniif, ka dhiiga dhangalaasu si hin ari'a. \v 7 Ani gaara biyya Se'iirii onsee duwwaa hin godha; nama biyya gaaraa san keessa qaxxaamuree deemu hin balleessa. \v 8 Ani gaarota keeti worra ijjeefameen hin guuta. Worri shallaaga'aan ijjeefamane kooba teeti irratti, dhooqa teeti keessaa fi dareera keeti keessatti hin gombifaman. \v 9 Ani haga bara baraa ona si hin tolcha; qachaa keeti keessa nami hin le'u; achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta. \p \v 10 « ‹Adoo ani Mootiin Waan Maraa achi jiruu, ati: Gosi biyya adda addaa lamaan tun, Yihuda'aa fi Israa'el tiyya; ani isaan hin fudhadha jetteerta. \v 11 Maarre ani Goottaan Mootiin Waan Maraa dhugumaan jiraata'a! Akkuma ati isaan jibbitee isaanitti aartee hinaatte, anille akkasuma si hin godha. Ani yennaa sitti muru odduu isaaniititti beekkamaa hin te'a. \v 12 Ati: Isaan onaneeran; akka isaan nyaannuuf nu'uuf kennamaneeran jettee, gaarota Israa'elii irratti dubbatte san ani Mootiin Waan Maraa akka dhage'e hin beetta. \v 13 Ati afaan keetiin na irratti ifi guddittee, jechoota bacaa ati na irratti dubbatte, ani dhage'eera. \p \v 14 « ‹Biyyi lafaa duudiin yennaa gammaddu, ani Goottaan Mootiin Waan Maraa ona si hin tolcha. \v 15 Latti Israa'elii yennaa onte, ati waan gammaddeef, ani si'ille akkasuma hin tolcha. Ee gaara Se'iirii! Si'ii fi biyya Edoomii duudii ona hin tolcha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e isaan hin beekan› jedha» jedhe. \c 36 \s1 Raaga Marroo Gaarota Israa'eliitiif Dubbatame \p \v 1 «Ee ilma namaa! Marroo gaarota Israa'elii raaga dubbadhuutii, ‹Ee gaarota Israa'elii! Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! \v 2 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Diinoti marroo teeti: Gaaroti durii sun baga keenna te'ane jedhan» jedha› jedhi. \v 3 Tanaaf, raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Isin waan ontaneef, karaa maraan waan caccaddaneef, gosa biyya adda addaa worra dhibii heddu'uuf qabeenna waan teetaneef, kolbaan waan keessan dubbattee hamii hantuu isin hamatteerti jedha› jedhi. \v 4 Tanaaf, ee gaarota Israa'elii, jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Gaarotaa fi koobotaan, dareerotaa fi dhooqotaan, qachoota duwwaa te'anee onane, ka gosi biyya adda addaa ta adaala isaanii jirtu saamiisaan itti taphatteen, \v 5 «Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa: Hinaaffaa tiyya jaddu'uun gosa biyya adda addaa ta dhibi'ii fi kolbaa Edoomii mara irratti hin dubbadha; isaan gadhaa ifii keessatti gammadanee, tuffi'iin lafa tiyya saamanee fudhatanee, addee dheeda horii ifii godhatane» jedha. \p \v 6 « ‹Tanaaf ati marroo lafa, gaarotaa fi koobota, lagootaa fi dhooqota Israa'elii irratti raaga dubbadhuutii, «Goottaan Mootiin Waan Maraa: Gosi biyya adda addaa waan isin salphitteef, kunoo ani hinaaffaa mufi'iitiin dubbadheera jedha» jedhi. \v 7 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa: Gosi biyya adda addaa ka adaala keessan jiranu akka salphatanu ani hin kakadha. \p \v 8 «‹Ee gaarota Israa'elii, kolbaan tiyya Israa'el gara qe'ee ifii ariifattee waan dhuttuuf, isin ammoo dameelee baafattanee midhaan isaaniif hin buuttan. \v 9 Kunoo ani isin woliin waan jiruuf, gara keessanille waan deebi'uuf, isin qotantanee midhaan isin irratti hin facaafama. \v 10 Kolbaan Israa'elii martinuu adoo hin hafin ani kolbaa isin irratti hin baceessa; qachooti ka nami keessa le'u hin te'an; addeen diigantelle deebitee hin ijaaranti. \v 11 Ani namaa fi horii isin irratti hin baceessa; isaan bacatanee hin horan; akkuma durii namooti akka isin keessa le'anu hin tolcha; ta durii caalaa waan dansaa isinii hin tolcha; yennaa san isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. \v 12 Ani kolbaan tiyya Israa'el akka isin irra ideentu hin tolcha; isaan isin hin qabatan; isinille lafa isaanii hin teetan; haganaa achi beelaan worra ijoollee hin qanne isaan hin tolchitanu› jedha. \p \v 13 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Namooti isiniin: Isin nama nyaattan; kolbaa teessan beelaan ijoollee malee hamburtan waan jedhanuuf, \v 14 isin haganaa achi nama hin nyaattanu; kolbaa teessanille beelaan ijoollee malee hin hamburtanu. \v 15 Haganaa achi ani akka gosi biyya adda addaa isin salphittu hin godhu; haganaa achi kolbaan isin hin qaanessitu; haganaa achi kolbaa teessaniif gufuu hin teetanu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe. \s1 Jiruu Israa'elii Haareya \p \v 16 Ammalle Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 17 «Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii yennaa lafa ifii keessa leetu, karaa ifiitii fi hujii ifiitiin lafa ifii batteessite. Karaan isaanii na duratti akka dubartii xuriin itti dhuttee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqullinna hin qannee ti. \v 18 Isaan lafa san keessatti dhiiga waan dhangalaasaneef, waaqota ifii ka dharaatiin lafa san waan batteessaneef, maarre anille mufii tiyya isaan irratti dhangalaase. \v 19 Ani gosa biyya adda addaa keessa isaan bittinneessee, isaan biyya hedduu keessa xexeeramane. Ani akka karaa isaaniitii fi akka hujii isaaniititti isaanitti mure. \v 20 Isaan yennaa gara gosa biyya adda addaa dhaqane, addee dhaqane maratti isaan maqaa kiyya woyyicha waan batteessanee, kolbaan, ‹Isaan kun kolbaa Mootii Waan Maraa ti; garuu worra lafa isaa keessaa bayane› jette. \v 21 Kolbaan Israa'elii ammoo addee dhaqane maratti gosa biyya adda addaa oddu'utti, maqaan kiyya woyyichi ka isaan batteessane natti dhage'ameera. \p \v 22 «Tanaaf, kolbaa Israa'eliitiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani isiniif jedhee adoo hin te'in, addee dhaxxane maratti gosa biyya adda addaa oddu'utti maqaa kiyya woyyicha waan batteessitaneef tana godha jedha. \v 23 Ani woyyummaa maqaa kiyya gudda'aa ka gosa biyya adda addaa oddu'utti battowe, ka isin odduu isaaniititti batteessitane san hin mudhisa. Achiin duuba adoo isaan dhagganuu karaa keessaniin woyyummaa tiyya yennaa mudhisu gosi biyya adda addaa akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. \v 24 Ani gosa biyya adda addaa keessaa isin hin fuudha; biyya mara keessaa wolitti isin hin qaba; gara lafa teessaniititti isin hin deebisa. \v 25 Ani bisaan qulqulluu isinitti hin fiffixa; isinille battummaa teessan maraa fi waaqota dharaa keessan mara irraa hin qulqulloontan. \v 26 Ani qalbii haareya isiniif hin kenna; ayyaana haareya isin keessa hin keya. Ani mataa jabeenna keessan ka akka dhaka'aa isin keessaa baasee, qalbii ajajantu isiniif hin kenna. \v 27 Ani ayyaana kiyya isin keessa hin keya; akka seerata kiyyaatitti akka isin ideentanuu fi ajaja kiyya miidhassitanee akka eegattanu hin godha. \v 28 Lafa abbootii teessan ta duriitiif kenne keessa hin leetan; isin kolbaa tiyya hin teetan; anille Waaqa keessan hin te'a. \v 29 Ani battummaa teessan mara keessaa isin hin baasa; midhaan waamee hin baceessa; haganaa achi beela isinitti hin fidu. \v 30 Akka isin gosa biyya adda addaa oddu'utti beelaan hin salphanne, midhaan mukaatii fi midhaan ficha'aa mara akka bacatu hin godha. \v 31 Achiin duuba isin karaa keessan hama'aa fi hujii teessan ta dansaa hin te'in mara hin qaabattan; marroo yakka'aa fi hujii diqachiittuu teessaniitiif ifi hin jibbitan. \v 32 Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa kana isiniif jedhee akka hin goone beeka'a. Ee kolbaa Israa'elii! Marroo amala keessaniitiif qaanowa'aatii salphadha'a jedha› jedhi. \p \v 33 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Guyyaa ani cubbuu teessan mara irraa isin qulqulleessu, qachaa keessan keessa akka nami deebi'ee qubatu hin godha; ka diigamelle deebi'ee hin ijaarama. \v 34 Latti duri worra isii keessa dabaru mara duratti ona teete, deebitee hin qotanti. \v 35 Worri achi keessa dabaru sunille, «Latti duri onteertu, oorruu Edenii fakkaatte; qachooti duri diigamanee onanee duwwaa te'ane amma dalleenni itti ijaaramee, namille keessa le'iisatti jira!» hin jedhan. \v 36 Achiin duuba gosi biyya adda addaa ta adaala keessanitti hafane akka ani Mootiin Waan Maraa qachoota diigame deebisee ijaaree fi fichaa duri one akka deebisee misoonse hin beekan. Ani Mootii Waan Maraa ti; ani dubbadheera; waan dubbadhe hin godhalle'e› jedha. \p \v 37 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani ammalle waan kolbaan Israa'elii na gaafatte tokko isaaniif hin godha; kolbaa isaanii akka tika hoole'ee hin baceessa. \v 38 Akkuma yennaa jila beekkantee, Yerusaalem hoolee ciinca'aaf dhikaatteen guutantu, qachooti diigamanelle namootaan hin guutaman; achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe. \c 37 \s1 Dhooqa Lafeelee Goggoddu'uu \p \v 1 Irreen Mootii Waan Maraa ana irra jirtiiyyu; inni ayyaanaan na fuudhee, dhooqa lafeele'een guutanteertu takka keessa na keye. \v 2 Inni adaala lafeelee sanii asii fi achi na ideensise. Kunoo, dhooqa san keessa lafeelee guddoo baca'atti jiraayyu; lafeeleen sun akka malee goggoganeeran. \v 3 Inni, «Ee ilma namaa! Lafeeleen tun deebitee lubbu'uun jiraatuu hin dandeettii?» anaan jedhe. \p Anille deebisee, «Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, tana si qofattuu beeka» jedheen. \p \v 4 Achiin duuba inni, anaan, «Lafeelee tanatti raaga dubbadhuutii, ‹Ee lafeelee goggodduu tana, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a. \v 5 Goottaan Mootiin Waan Maraa, lafeelee tanaan: Kunoo, ani hafuura isinitti hin galcha; isin lubbu'uun hin jiraattan. \v 6 Ani ribuu isin irra keyee, foon isinitti lachisiisee, gogaalle isinitti hin uffisa; hafuura isin keessa keyee, lubbu'uun akka jiraattanu isin hin godha; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedhiin» jedhe. \p \v 7 Maarre anille akkuma ajajame raaga dubbadhe. Adoo ani raaga dubbatiisatti jiruu, kakakkeessi tokko dhage'ame; kunoo wonni tokko kakakkisee, lafeeleen sun wolitti hiiqanee, wolitti karoorfamiisa jalqabane. \v 8 Anille isaan ilaale; kunoo, ribuun isaan irra jirtiiyyu; foonille isaan irratti latee, gogaalle uffataneeraniiyyu. Hafuurri ammoo isaan keessa hin jiru. \p \v 9 Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Qilleensatti raaga dubbadhu; raaga dubbadhu; qilleensaan, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee qilleensa, maddii afur irraa koyiitii, akka isaan lubbu'uun jiraatanuuf, worra ijjeefameeru kanatti hafuura baafadhu jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 10 Maarre ani akkuma inni na ajaje raage; hafuurrille isaan keessa seenee, isaan jiraattolee te'anee miila ifiitiin dhaabbatanee, loltoota guddoo bacaa te'ane. \p \v 11 Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Lafeeleen tun kolbaa Israa'elii duudi'i. Kunoo, isaan, ‹Lafeeleen teenna goggoddeerti; addii kutanneerra; nuuti ijjumaa banneerra› jedhan. \v 12 Tanaaf, raaga dubbadhuutii, isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee kolbaa tiyya, kunoo, ani awwaala keessan banee, awwaala keessan keessaa isin hin baasa. Ani gara lafa Israa'elii deebisee isin hin fida. \v 13 Ee kolbaa tiyya! Yennaa ani awwaala keessan banee, awwaala keessan keessaa isin baase, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. \v 14 Ani ayyaana kiyya isin keessa hin keya; isinille lubbu'uun hin jiraatan; lafa teessanitti isin hin galcha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Ani dubbadheera; waan dubbadhe hin godhalle'e jedha› jedhi» jedhe. \s1 Yihuda'aa fi Israa'el Mootummaa Tokko Hin Te'an \p \v 15 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 16 «Ee ilma namaa! Ulee takka fuudhiitii, isii irratti jecha, ‹Yihuda'aaf, Israa'eloota isa woliin wolii galanulle'eef› jedhu barreessi. Achiin duuba ulee dhibii fuudhiitii, isii irratti jecha, ‹Yoseefiif jechuun Efreemiif, Israa'eloota isa woliin wolii galanu maralle'eef› jedhu irratti barreessi. \v 17 Uleen lamaan sun harka keeti keessatti tokko akka te'anu wolitti qassiisi. \v 18 Kolbaan teeti, ‹Kun maan jechuu keeti akka te'e nutti hin hintuu ree?› jedhanee yennaa si gaafatane, \v 19 ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo ani ulee Yoseefii ta harka Efreemii keessa jirtuu fi ulee gosa Israa'elii ta worra isa woliin wolii galanuu fuudhee, akka isaan harka kiyya keessatti tokko te'anu, ulee Yihuda'aa woliin wolitti isaan qassiisa jedha› jedhi. \p \v 20 «Ulee lamaan irratti barreessite san ila isaanii dura qabiitii, \v 21 isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani kolbaa Israa'elii gara maraa gosa biyya adda addaa oddu'uu wolitti isaan qabee, gara lafa isaanii isaan hin fida. \v 22 Lafa irratti, gaara Israa'elii gubba'atti kolbaa takkattii isaan hin godha. Isaan mara irratti mootiin tokkochi hin mootoma; isaan haganaa achi gosa biyya adda addaa lama hin te'anu; mootummaa lama te'anee ijjuma gargar hin qoodamanu. \v 23 Isaan haganaa achi waaqota dharaa ka ifiitiin, waan diqachiittuu ifiille'een yookiin yakkaa ifii maralle'een ifi hin batteessanu. Ani ammoo cubbuu isaan na lakkisanee duubatti deebi'iisaan hujane mara jalaa isaan baasee, isaan hin qulqulleessa. Achiin duuba isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a. \p \v 24 « ‹Garbichi kiyya Daawiti isaan irratti mootii hin te'a; isaan martinuu tissee tokko hin qabaatan. Isaan seera kiyyaan hin ideeman; seerata kiyyalle miidhassanee hin eegatan. \v 25 Isaan lafa ani garbicha kiyya Yaaqoobiif kenne, addee abbootiin teessan duri keessa leete keessa hin le'an. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniille haga bara baraa achi hin le'an; garbichi kiyya Daawiti haga bara baraa bulchaa isaanii hin te'a. \v 26 Ani gondooroo nageyaa isaan woliin hin godhadha. Gondooroon sun gondooroo bara baraa hin teeti. Ani lafa isaanii keessatti isaan jabeessee hin dhaba; isaan hin baceessa; Galma kiyya haga bara baraa odduu isaaniititti hin dhaaba. \v 27 Addeen leetoo tiyyaa isaan woliin hin teeti; ani Waaqa isaanii hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an \v 28 Achiin duuba yennaa ani Galma kiyya haga bara baraa odduu isaaniititti dhaabe ka Israa'el woyyoonsu, ana Mootii Waan Maraa akka te'e gosi biyya adda addaa hin beekan jedha› jedhiin» jedhe. \c 38 \s1 Raaga Googi Irratti Dubbatame \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, \v 2 «Ee ilma namaa! Fuula keeti gara Googii lafa Maagoogii jiru, qondaala guddicha Meshekiitii fi Tubaalii deebifadhuutii raaga irratti dubbadhuutii, \v 3 ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee Googii qondaala Meshekiitii fi Tubaalii, kunoo, ani si irratti ka'eera. \v 4 Ani gara duubaa si hin deebisa; ani a'oo teeti keessa hookkoo galchee, loltoota teeti mara, fardoo teetii fi abbootii fardo'oo teeti mara, worra meya woraanaa ka ifii guutuu hidhate mara, loltoota bacaa worra wontee gugurdo'oo fi wontee didiqqoo qabanu, worra shallaagaa ifii mirmiffatanu mara harkisee si woliin hin baasa. \v 5 Worri Faaresii, worri Itoophiya'aa\f + \fr 38:5 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* isaan woliin jiran; isaan martinuu wonte'ee fi gullee sibiilaa keyataneeran. \v 6 Gomerii fi loltooti isaa mara, Bet-Togaarmaa kaaba fago'oo irraa loltoota isaa mara woliin, kolbaa hedduulle si woliin hin baasa. \v 7 Atii fi worri adaala keetitti wolitti qabame martinuu qophowa'a; ati sooressa isaanii te'i. \v 8 Bara heddu'uun duuba ati lolaaf hin waamanta. Lafa bara baca'aan duuba lolli irraa cite, ta kolbaan isi'ii gosa biyya adda addaa hedduu keessaa gaarota Israa'elii irratti wolitti qabante, ta yennaa hedduu ontee turte, ta isaan martinuu amma nageyaan keessa le'anu san irratti hin kaata. \v 9 Atii fi loltooti keeti marti, gosi biyya adda addaa bacaan ta si woliin jirtu akka bubbee bokkeyaa hin baatan; akka duumensaa lafa hin gollitan jedha› jedhi. \p \v 10 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Bara sanitti yaadi gara qalbii teetii hin dhufa. Ati mala hamaa hin dhootta; \v 11 ati: Ani lafa ollaa dalleya hin qannetti hin duula. Kolbaa dalleya, danqara'aa fi karra malee cadhittee nageyaan leetu mara hin lola; \v 12 lafa ontee amma nami deebi'ee irra le'u tana irratti harka kiyya diriirsee, worra gosa biyya adda addaa keessaa wolitti qabame, worra horii baca'aa fi meya hedduu qabu, ka handhura biyya lafaa irra le'u hin booji'a; hin saamalle'e jetta. \v 13 Sheeba'aa fi Dedaan, daldaltooti Tarshiishiitii fi ollooti isi'ii marti, si'iin: Ati saamiisaaf dhuttee? Meeti'ii fi worqii, hori'ii fi meya bacaa booji'iisaaf loltoota teeti wolitti qabattee dhuttee? Hin jedhan jedha› jedhi. \p \v 14 «Tanaaf, ee ilma namaa! Ati Googi irratti raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Bara kolbaan tiyya Israa'el nageyaan leetu ati hin beettaa motii ree? \v 15 Ati lafa kaabaa fagoo irraa gosa biyya adda addaa hedduu, kolbaa bacaa, loltoota jajjadduu woliin isaan martinuu fardoo irra tee'anee, isaan woliin hin dhutta. \v 16 Ati kolbaa tiyya Israa'el loliisaaf, akka duumensa lafa golluu itti hin dhutta. Ee Googi, karaa keetiin fuula isaanii duratti woyyummaa tiyya yennaa ani isaanitti mudhisu, gosi biyya adda addaa akka na beekanu, bara muumme'ee irratti lafa tiyya loliisaaf akka ati dhuttu hin godha jedha› jedhiin. \v 17 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati ka ani bara durii karaa garboota tiyya raagota Israa'eliitiin marroo isaa dubbadhe sanii motii? Ani bara san akka isaan irratti si fidu isaan bara dheeraa raaganeeran› jedha. \s1 Muraa Waaqi Googi irratti fidu \p \v 18 «Ammalle Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Yennaa Googi lafa Israa'elii lolu, guyyaa san aariin tiyya jadduun hin kaati. \v 19 Guyyaa san lafa Israa'elii irratti tacho'iis lafaa guddaan akka te'u, ani hinaaffa'aan, aarii tiyya ta bobeettulle'een lallabeera. \v 20 Qurxummi'ii fi sinbirrooti, bineensoti badda'aa marti, dadi lafa irra lowanu marti, namooti lafa irraa martinuu fuula kiyya duratti hin hollatan; gaaroti gad hin qolaanfaman; bowwaan marti hin sigigan; dalleenni dhaka'aa marti hin jigan. \v 21 Gaarota kiyya mara irratti Googi loliisaaf shallaagaa hin waama; nami marti wol irratti shallaagaa hin buqqifata. \v 22 Ani dhukkuba hama'aa fi dhiiga dhangalaasiisaan isatti hin mura; isa irratti, loltoota isaatii fi worra isa woliin jiranu irratti bokkeya baradaa, dhakaa bokkeyaa, ibiddaa fi dhakaa bobe'u hin roobisiisa. \v 23 Maarre ani guddinna kiyyaa fi woyyummaa tiyya hin mudhisa; gosa biyya adda addaa duratti ifi hin beessisa; achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha. \c 39 \s1 Injifatamiisa Googii \p \v 1 «Ee ilma namaa! Googi irratti raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee, Googii qondaala guddicha kolbaa Meshekiitii fi Tubaalii, kunoo, ani si irratti ka'eera. \v 2 Ani gara duubaa si deebisee, gara duraa si oofee, kaaba fago'oo irraa si fidee, gaarota Israa'elii irratti akka ati duultu si hin godha. \v 3 Achiin duuba ani harka keeti bitaacha irraa guubee hin dhowa; harka keeti middicha irraa daaya hin buusa. \v 4 Atii fi worri si woliin jiru marti, gosi biyya adda addaa gaarota Israa'elii irratti hin duutan. Ani allaattii gosa adda addaatii fi bineensa maraaf sagalee si hin godha. \v 5 Ani waan dubbadheeruuf, ati diida keessatti hin duuta. Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. \v 6 Ani biyya Maagoogiitii fi worra qarqara abbaaya'aa bidhaa malee le'u irratti ibidda hin erga; isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. \v 7 Maqaan kiyya woyyichi kolbaa tiyya Israa'el oddu'utti akka beekkamu hin godha; haganaa achi maqaan kiyya woyyichi akka battowu hin godhu. Gosi biyya adda addaa akka ani Mootii Waan Maraa woyyicha Israa'elii te'e hin beekan. \v 8 Kunoo, guyyaan ani: Kunoo, guyyaan wonni kun marti teetu hin dhufa; dhugumaan guyyaan hin dhufa jedhee dubbadhe dhufiisatti jira. \p \v 9 « ‹Achiin duuba worri qachaa Israa'elii keessa le'u achi keessaa bayanee, meya woraanaa akka qoraanii ibiddatti naqanee hin bobeessan; wontee didiqqo'oo fi wontee gugurdoo, guube'ee fi daaya, ciira'aa fi eboo hin guban; haga woggaa torbaa isaan hin bobeessan. \v 10 Isaan meya woraanaa waan bobeeffatanuuf, diida keessaa qoraan caaffatiisi, gongomaa keessaa muka muriis hin barbaachisu; isaan worra isaan booji'e hin booji'an; worra isaan saame hin saaman jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \s1 Awwaalamiisa Googii \p \v 11 « ‹Bara san dhooqa worra karaa deemuu ta abbaayaa irraa karaa aduun baatu jirtu san awwaala Googiitiif hin kenna; Googii fi loltooti isaa martinuu achitti waan awwaalamanuuf, worra karaa ideemutti karaan hin cufama; dhooqi sun: Dhooqa Hamoon-Googii\f + \fr 39:11 \fr*\fqa Hamoon Googi: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Gumii Googii \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* hin jedhanti. \v 12 Kolbaan Israa'elii lafa qulqulleessiisaaf ji'a torba isaan hin awwaalan. \v 13 Kolbaan lafa sanii marti isaan hin awwaalan; guyyaan ani ulfinna kiyya mudhisu sun isaaniif gurra hin te'a jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \v 14 Isaan namoota lafa qulqulleessiisaaf, yennaa mara lafa keessa deddeemanee worra lafa irratti du'ee hafeeru awwaalu hin filatan. Isaan dhuma ji'a torbaatitti reeffa hafeeru barbaadan. \v 15 Isaan yennaa lafa keessa deddeemanu lafee namaa yennaa lafatti dhaggane, haga worri awwaalu dhufee dhooqa Hamoon-Googii keessatti awwaalutti beessisa itti hin godhan. \v 16 Isaan akka kanaan lafa hin qulqulleessan; maqaan qachaa addee san jiruulle: Hamoonaa hin jedhama jedha› jedhi. \p \v 17 «Ati ee ilma namaa! Mootiin Waan Maraa, ‹Allaatota adda addaatii fi bineensota maratti dubbadhuutii: Addee maraa wolitti qabama'aatii, gara jila ciinca'aa ta ani isinii qopheessee, gara jila guddoo gaarota Israa'elii irraa kowa'aatii foon nyaadha'a; dhiigalle una'a. \v 18 Akka foonii fi dhiiga korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo hoole'ee, korbeeyyii re'e'eetii fi korommi'ii ka akka horii cocooma Baashaanii, isin foon worra jajjabaa nyaatanee dhiiga qondaaltota gosa biyya adda addaa hin untan. \v 19 Jila ciinca'aa ta ani isiniif qopheessu sanitti haga quuttanutti cooma hin nyaattan; haga machoottanutti dhiiga hin untan. \v 20 Isin qorii tiyyatti fardoolle'ee fi abbootii fardoole'ee, loltoota jajjabaa fi loltoota mara nyaattanee hin quuttan jedhi› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \s1 Adde'etti Deebi'iisa Israa'elii \p \v 21 «Ani ulfinna kiyya gosa biyya adda addaa oddu'utti hin mudhisa; gosi biyya adda addaa marti muraa ani isaanitti muree fi adabbii ani isaan adabe hin dhaggiti. \v 22 Guyyaa saniin jalqabanee kolbaan Israa'elii akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. \v 23 Gosi biyya adda addaa kolbaan Israa'elii sababa yakkaa ifiitiif akka booji'ante hin beekan; isaan waan naaf addatamiisa dhabaneef, ani fuula kiyya isaan duraa dhoffadhee, nyaapha isaaniititti dabarsee isaan kennee, isaan marti shallaaga'aan ijjeefamane. \v 24 Ani akkuma battummaa isaaniitii fi yakkaa isaanii isaaniif godhee, fuula kiyyalle isaan duraa dhoffadhe. \p \v 25 «Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani amma sanyii Yaaqoobii, kolbaa Israa'eliitiif hin marara; deebisee isaan hin qananoonsa; maqaan kiyya woyyichi akka hin arraffanne hin tolcha. \v 26 Isaan biyya ifii keessa nami tokkolle adoo isaan hin sodaachisin lafa ifii keessa nageyaan yennaa le'anu, salphinna ifiitii fi naaf addatamiisa dhabiisa ifii mara hin dedhan. \v 27 Ani gosa biyya adda addaa keessaa deebisee yennaa isaan fidu, biyya diina isaanii keessaa yennaa isaan wolitti qabu, ila gosa biyya adda addaa hedduu duratti karaa isaaniitiin woyyummaa tiyya hin mudhisa. \v 28 Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti akka isaan booji'amanu godhulle, nami tokkolle adoo hin hafin wolitti isaan qabee, gara lafa ifii akka isaan deebi'anu hin godha; achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. \v 29 Ani ayyaana kiyya kolbaa Israa'elii irratti hin dhangalaasa; ani haganaa achi fuula kiyya isaan irraa hin deebifadhu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe. \c 40 \s1 Mudhii Galma Waaqaa Haareyaa \p \v 1 Nuuti booji'annee woggaa diddamii shaneesso'oo, qachaan Yerusaalemii diigameen duuba, woggaa kudhanii arfeesso'oo, ji'a jalqabaa guyyaa kudhaneesso'oo, guyyuma san irreen Mootii Waan Maraa ana irra jiraayyu; inni na fuudhee gara qachaa Yerusaalemii na geesse. \v 2 Inni mudhii Waaqaatiin gara lafa Israa'elii na geessee, gaara akka malee dheeraa tokko irra na dhaabbachiise. Wonni akka ijaarsa qacha'aa jiru tokko gara kibbaatiin gaara san irra jiraayyu. \v 3 Yennaa inni achi na geesse, kunoo, namichi tokko ka bifi isaa sageettuu fakkaattu, wodaroo quncee talba'aatii fi ulee ittiin mikanu\f + \fr 40:3 \fr*\fqa Ulee ittiin mikanu: \fqa*\ft Ta dheerinnaa fi badhinna woyii ittiin haga ilaalanu.\ft*\f* harka ifiititti qabatee seensuma karraa keessa dhaabbateeraayyu. \v 4 Namichi sun anaan, «Ee ilma namaa! Ila teetiin ilaali; gurra keetiin dhage'i; qalbii teetille waan ani sitti mudhisu kana mara irra keyadhu; wonni ati as dhutteef, akka ani waan kana sitti mudhisu waan teeteef, waan dhaggite mara kolbaa Israa'eliititti himi» jedhe. \s1 Karra Gara Karaa Adduun Baatuu \p \v 5 Kunoo, adaala Galma Waaqaa mara dalleya dhaka'aatitti marseeraayyu; harka namichaa keessa ulee miki'ii ta dheerinni isi'ii ciqilee namichaa jaatitti jiraayyu; ciqileen namichaa ciqilee tokkoo fi taakku'u. Inni dalleya dhaka'aa san yennaa miku, furdinni isaa ulee miki'ii san tokko, hojjaan ulee miki'ii san tokko te'e. \v 6 Achiin duuba inni gara karra karaa aduun baatu jiruu dhufee, yaabbannoo karraa irra ol bayee, eeddummee karra duraa yennaa mike ulee miki'ii tokko teete. \v 7 Kollooti worra eeddotaa ta cina'aa dheerinni isaanii ulee miki'ii san tokko, badhinni isaaniille ulee miki'ii san tokko; kollooti cina'aa sun ciqilee shan gargar fagaatan; dheerinni eeddummee seensuma karra soroo Galma Waaqaa bira, gara keessaatiin dhuma irra jirtuu, ulee miki'ii tokko. \v 8 Achiin duuba inni soroo seensuma karra Galma Waaqaa gara keessaatiin jirtu mike. \v 9 Soroo karaa seensuma karraa sun ciqilee saddeeti; utubaan isi'ii ciqilee lama furdata; soroon seensumaa sun gara keessaatiin jirti. \v 10 Kolloon eeddotaa ta karra karaa aduun baatuu garanaan sad gara kaanille'een saditti jiraayyu; isaan sadiinuu wol qixxe'e; utubooti kolloota san garanaa fi gara kaaniin jiranulle wol qixxe'e. \v 11 Achiin duuba inni badhinna seensuma karra sanii ciqilee kudhan, dheerinna isi'ii ciqilee kudhanii sad mike. \v 12 Kolloo eeddotaa ta garanaa fi garakaaniin jirtu san tokko tokkooyyuu dura dalleenni dhaka'aa gabaabaan ka hojjaan isaatii fi furdinni isaa ciqilee tokkootitti jiraayyu; badhinni kolloo eeddotaa wol qixxee te'anee ciqilee jaa. \v 13 Achiin duuba inni karra san qaccee dhaaba kolloo eeddotaa tokko irraa gara duubaatiin haga qaccee dhaaba kolloo eeddotaa ta gara kaaniititti ciqilee diddamii shan mike. \v 14 Inni utuboota soro'oo sanille yennaa mike ciqilee jaatama teete; adaala soroo seensumaa san badhinna dalleya keessaatitti jiraayyu. \v 15 Seensuma karraa fuula duraa kaasee haga soroo seensumaa qaccee isi'ii ta gara keessaatitti ciqilee shantama. \v 16 Kollooti eeddotaa gara maraan akkuma soroo seensumaa middaa fi bita'aan foddaa dhidhiphoo qaban; foddaan adaala sanii marti karra seensumaa fuula dura jiran; utuboota irra fakkii muka meexxi'iititti jiraayyu. \s1 Badhinna Dalleya Keessaa Ka Alaa \p \v 17 Achiin duuba inni gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa na geesse. Kunoo, kollootaa fi dhakaa afametti adaala badhinna dalleya keessaa san jiraayyu. Dhakaa afameeru san fuula dura kolloota soddomatti jiraayyu. \v 18 Dhakaan afameeru ka jalaa karra seensumaatiin wol qabatee hujameera; badhinni isaalle haguma dheerinna karra sanii ti. \p \v 19 Achiin duuba inni karra gara jalaa fuula duraa kaasee haga badhinna dalleya keessaa ka gara keessaatiin fuula duraatitti fageenna jiru ciqilee dhibba tokko te'e. \s1 Karra Gara Kaabaa \p \v 20 Achiin duuba inni karra gara kaabaatitti jirtu, ta fuullee badhinna dalleya keessaa ka gara alaa dheerinnaa fi badhinna isi'ii mike. \v 21 Kollooti isi'ii ta eeddotaa garanaan sad, gara kaanille'een sad; utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii haguma ka karra qaraa ti; dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. \v 22 Foddaan isi'ii, soroon isi'iitii fi fakkiin muka meexxi'ii ta isii irra jirtu ta karra karaa aduun baatuu woliin woluma qixxe'e; yaabbannoo torbaan gara seensuma karra sanii ol bayan; soroon seensuma karra sanii qaccee gara keessaatiin jirti. \v 23 Akkuma karra karaa aduun baatuu, karri karaa kaabaatitti jirtu, ta fuullee badhinna dalleya keessaa ta gara keessaalle jirti; karra tokko irraa haga karra taaniititti yennaa inni mike ciqilee dhibba teete. \s1 Karra Gara Kibbaa \p \v 24 Achiin duuba inni gara kibbaa na geesse; achille, kunoo, karri gara kibbaatitti fuula galteertu takka jirti. Innille utuboota isi'iitii fi soroo isi'ii mike; isaanille karra dhibi'iin woluma qixxe'e. \v 25 Karri sunii fi soroon isi'ii akkuma karra dhibi'ii naannoo ifii irratti fooddota qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. \v 26 Yaabbannoon torba ta gara isi'ii ol ittiin bayanutti jira; soroon isi'ii fuullee saniin jirti; utuboota cinaa isi'ii ka gara lamaaniituu irra fakkii muka meexxi'iititti irra jira. \v 27 Badhinni dalleya keessaa ka gara keessaa karra gara kibbaatitti fuula galteertu qaba; inni karra san irraa jalqabee haga karra gara kibbaa ta gara alaa mikee, ciqilee dhibba teete. \s1 Badhinna Dalleya Keessaa Ka Keessaa \p \v 28 Achiin duuba karaa karra kibbaatiin gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa na geessee, inni yennaa karra kibbaa san mike, isiin karra dhibi'iin woluma qixxee teete. \v 29 Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. \v 30 Sorooti adaala san maratti naannowaneeranu, dheerinni isaanii ciqilee diddamii shan, badhinni isaanii ciqilee shan. \v 31 Soroon isi'ii gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa fuula galteerti; utuboota isi'ii irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba. \p \v 32 Achiin duuba inni gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa ka karaa aduun baatuu na geessee, karra san mike. Isiille karra dhibi'iin woluma qixxee teete. \v 33 Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. \v 34 Soroon isi'ii gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa fuula galtee, utuboota isi'ii ka gara lamaanittuu irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba. \p \v 35 Achiin duuba inni gara karra karaa kaabaa na geesse. Yennaa inni isii mike karra dhibi'iin woluma qixxee teete. \v 36 Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. \v 37 Soroon seensumaa gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti fuula galteerti. Utuboota gara lamaaniituu irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba. \s1 Kolloo Ciincaa Itti Qopheessanu \p \v 38 Soroo karra karaa kaabaa ta gara keessaa bira kolloo balbala qaddu ta kennansi gubamu itti dhiqamutti jiraayyu. \v 39 Soroo san keessa xarapheessaan lama lama cinaa lamaanuu ka kennansi gubamu, kennansi sababa cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansi sababa yakka'aatiif dhikaatu irratti qalamu jiran. \v 40 Soroo seensuma karra karaa kaabaa gara alaatiin yennaa ol bayanu cinaa lamaanuu xarapheessaa wol fakkaatu lama lamatti jiraayyu. \v 41 Maarre karra san gara keessaatiin xarapheessaan horiin ciinca'aaf dhikaatu irratti qalamanu afur, cinaa taanille'een xarapheessaan afur wolumaa galatti xarapheessaa saddeetitti jiraayyu. \v 42 Xarapheessaan afur ka dhakaa irraa hujamane, ka dheerinni isaanii ciqilee tokkoo fi gamisa, badhinni isaanii ciqilee tokkoo fi gamisa, hojjaan isaanille ciqilee tokkoo, ka kennansi gubamu irratti dhikaatu achi jiran. Xarapheessota kana hayyooti meya horii kennansa gubamuu fi ciincaa dhibi'iif dhikaatanu ittiin qalanulle irra keyatan. \v 43 Hookkoti qaccee lamaa ka dheerinni tokko tokkoo isaanii taakkuu tokko tokkoo naannoo dhaaba mana dhaka'aa san mara irratti dongoramaneeran; xarapheessota san foon kennansaaf dhikaatutti irra keyama. \s1 Kolloota Hayyootaa \p \v 44 Badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa keessa, karra keessaatiin ala kolloota lamatti jiraayyu; takkattiin cinaa karra karaa kaabaa gara kibbaa fuula galtee, takkattiin cinaa karra kibbaa gara kaabaa fuula galteerti. \v 45 Inni anaan, «Kolloon karaa kibbaa fuula galteertu tun ta hayyoota itti gaafatantoota hujii Galma Waaqaa keessa ti; \v 46 kolloon karaa kaabaa fuula galteertu tun ta hayyoota itti gaafatantoota hujii addee ciinca'aa ti; hayyooti tun sanyii Zaadoqii, ilmaan Lewwi'ii worra Mootii Waan Maraatitti dhikaatee isa tajaajiliisaaf eeyyama qabuu ti» jedhe. \v 47 Inni badhinna dalleya keessaa ka gara keessaalle mike; dheerinni isaa ciqilee dhibba, badhinni isaalle ciqilee dhibba; cinaan isaa arfanuu wol qixxe'e. Addeen ciinca'aa Galma Waaqaa dura jirtiiyyu. \s1 Soroo Galma Waaqaa \p \v 48 Achiin duuba inni gara soroo seensuma Galma Waaqaa na geessee, inni utuboota isi'ii tokko tokkoon yennaa mike, ka cinaa lamaaniituu dheerinni isaanii ciqilee shan shan te'ane; badhinni seensumaa ciqilee kudhanii afur, furdinni gindaa isi'ii ka cinaa lamaaniituu ciqilee sad sad te'ane; \v 49 Dheerinni soroo sanii ciqilee diddama, badhinni isi'ii ciqilee kudhanii lama; yaabbannoo kudhaniin gara isi'ii ol bayan. Yaabbannoota san cinaa lamaan utubootatti jiraayyu. \c 41 \s1 Addee Woyyitti'ii Fi Addee Irra Caalaa Woyyittii Galma Waaqaa Keessaa \p \v 1 Achiin duuba gara addee irra caalaa woyyittii Galma Waaqaa na geessee, inni utuboota isi'ii mike; badhinni utuboota isi'ii ka cinaa lamaaniituu ciqilee jaa te'e. \v 2 Badhinni balbala isi'ii ciqilee kudhan te'e; badhinni dhaaba isi'ii ka cinaa lamaanii tokko tokkoon isaatuu ciqilee shan te'e; inni addee woyyittii Galma Waaqaa mikee, dheerinni isi'ii ciqilee afurtama, badhinni isi'ii ciqilee diddama te'e. \v 3 Achiin duuba gara kolloo keessaa seenee, utuboota balbala isi'ii mikee, dheerinni ciqilee lama, badhinni balbalaa ciqilee jaa, badhinni dhaabi isi'ii ka cinaa lamaanii tokko tokkoon isaatuu ciqilee torba te'e. \v 4 Inni dheerinna Addee Irra Caalaa Woyyittii Galma Waaqaa keessaa mikee, dheerinni isi'ii ciqilee diddama, badhinni isi'iille ciqilee diddama te'e; achiin duuba inni, «Tun addee irra caalaa woyyitti'i» jedhe. \v 5 Achiin duuba inni dhaaba dhaka'aa ka Galma Waaqaa mikee, furdinni isaa ciqilee jaa, badhinni kolloota adaala Galma Waaqaa san jiranuu tokko tokkoon isaanii ciqilee afur te'ane. \v 6 Kollooti cinaa lamaanii kuun kaan gubba'atti sufamee, sufaa sad te'anee wol irratti ijaaramaneeran; sufaan sun tokko tokkoon isaanii kolloo soddoma qaban. Kolloota cinaa Galma Waaqaa jirtu san kiphiisaaf dagalee heddu'utti jira; te'uu malee dagaleen hedduun sun Galma Waaqaatitti hin maxxanne. \v 7 Badhinni kolloota adaala Galma Waaqaa sun sufuma sufaa irratti badhataa ol ideema; dhaabi ijaarsaa ka jalaa ka ol aanu caalaa furdata; yaabbannoon jalaa ol sufaa wodhakka'aa keessa bayee gara sufaa gubba'aatitti baasu jiran. \v 8 Galmi Waaqaa hundee ol kaafantee itti marfantee ijaarante akka qabu dhagge; hundeen kolloota cina'aa sun hunduma san irratti ijaaranteerti. Furdinni hundee sanii ulee miki'ii ta ciqilee dheertuu jaa san tokko teete. \v 9 Furdinni dhaaba ijaarsa kolloota cina'aa ka gara alaatiin jiru ciqilee shan. Addeen duwwaan kollootaa cinaa Galma Waaqaatii fi \v 10 kolloota hayyootaa wodhakkaa jirti; badhinni isi'ii adaala Galma Waaqaa cinaa maraanuu ciqilee diddama. \v 11 Kollooti cinaa Galma Waaqaa balbala gara addee duwwa'aa banantu qaban. Balbalti takkattiin gara kaabaa, balbalti takkattiin gara kibbaa fuula galteerti. Addeen duwwaan sun gara maraanuu ciqilee shan. \p \v 12 Galma Waaqaa irraa karaa aduun seentuun, ijaarsi gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatitti fuula galeeru tokko jiraayyu; furdinni dalleya ijaarsa sanii gara maraanuu ciqilee shan, badhinni isaa ciqilee torbaatama, dheerinni isaa ammoo ciqilee sagaltama. \p \v 13 Achiin duuba inni Galma Waaqaa mikee, dheerinni isaa ciqilee dhibba te'e; badhinni dalleya keessaa ka Galma Waaqaatii fi ijaarsi sun dalleya ifii woliin dheerinni ciqilee dhibba te'e. \v 14 Karaa aduun baatuun badhinni dalleya keessaa ka Galma Waaqaa addee Galma Waaqaa fuula dura jirtu woliin ciqilee dhibba te'e. \v 15 Achiin duuba inni dheerinna ijaarsa gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaa fuula galee, Galma Waaqaatiin duuba jiru mikee, soroo isaa woliin ciqilee dhibba te'e. \p Soroon Galma Waaqaa ka badhinna dalleya keessa ka gara keessaatitti fuula gale, addeen woyyitti'ii fi addeen irra caalaa woyyitti'ii, \v 16 gulantaan, irga foddaa dhidhipha'aa, seesa dhaaba manaa ka gara keessaa, waan adaala san jiru maratti muki hephellichi itti gonfameera. \v 17 Addee balbalaan gubba'aa, dhaaba addee irra caalaa woyyitti'iitii fi dhaaba addee woyyitti'ii keessaa gara alaatiin soroo Galma Waaqaa \v 18 fakkiin dada ol-gubba'aa ka koola qabanuutii fi fakkiin muka meexxi'ii itti qiriixamaneeran. Dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun tokko tokkoon isaaniituu fuula lama qaban. \v 19 Ka fuula namaa qabu gara muka meexxi'ii ka gara tokkoo, ka fuula neenqa dardaraa qabu gara muka meexxi'ii ka gara kaanii fuula galeera. Isaan martinuu naannoo Galma Waaqaa irratti qiriixamaneeran. \v 20 Lafa irraa kaasee haga balbalaan gubba'aatitti dhaaba addee woyyitti'ii irralle'etti dadi ol-gubba'aa ka koola qabanuu fi muki meexxi'ii irratti qiriixamaneeran. \v 21 Mikikkilooti balbala addee woyyitti'ii roga afur ka wol qixxee te'e qaban. Mikikkilooti balbala addee irra caalaa woyyitti'ii dura jiranulle akkasuma roga afur ka wol qixxee te'e qaban. \s1 Addee Ciinca'aa Ta Mukaan Hujate \p \v 22 Addeen ciinca'aa ta muka irraa hujante, ta hojjaan isi'ii ciqilee sadii, dheerinni isi'ii ciqilee lamaatii fi badhinni isi'iille ciqilee lamaa takka jirtiiyyu; rogi isi'ii, shafeen isi'iitii fi cinaan isi'ii mukaa irraa hujameera; inni anaan, «Kun xarapheessaa Mootii Waan Maraa dura jiru» jedhe. \s1 Balbala Galma Waaqaa \p \v 23 Addee woyyitti'ii fi addeen irra caalaa Woyyitti'ii tokko tokkoon isaanii balbala lama lama qaban. \v 24 Balbalti tokko tokkoo isaanii saanqaa gara lamatti banamu lama lama qaban. \v 25 Akkuma dhaaba irratti qiriixameerutti balbala addee woyyitti'ii irralle'etti fakkiin dada ol-gubba'aa ta koola qadduutii fi fakkiin muka meexxi'ii qiriixamaneeran; soroo Galma Waaqaa san fuula duraan soroon jala qaxxaamuraa ta mukaan hujanteertu jirtiiyyu. \v 26 Dhaaba soroo sanii gama lamaaniinuu foddaa dhidhiphaa fakkiin muka meexxi'ii irratti qiriixamaneeranutti irra jira; kollooti cinaa Galma Waaqaalle karaa seensumaatiin soroota jala qaxxaamuranu qaban. \c 42 \s1 Kolloota Hayyootaa \p \v 1 Achiin duuba inni karaa kaabaatiin gad na baasee gara badhinna dalleyaa keessaa ka gara alaatitti na fidee, gara kolloota fuullee badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatii fi fuullee ijaarsa gara kaabaa sanitti na geesse. \v 2 Dheerinni ijaarsaa ka balbalti isaa karaa kaabaa fuula galteertuu sun ciqilee dhibba, badhinni isaa ciqilee shantama. \v 3 Badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa irraa ciqilee diddama irratti, fuullee afinaa dhaka'aa ka badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti kollooti addee bashannanaa heellichoo gubba'aa qaddu fuula wolitti galanee wol irratti sufaa sadiin ijaaramaneeran. \v 4 Kolloota san dura karaan gara keessaa dabarsu ka badhinni isaa ciqilee kudhan, dheerinni isaa ciqilee dhibba tokkootitti jira. Balbalti kolloota sanii karaa kaabaatiin jiran. \v 5 Akkuma kollooti wol irratti sufamaa ol ideemanuun, addeen bashannanaa ta heellichoo gubba'aa badhataa waan ideentuuf, kollooti ol aananu kolloota gad aananuu fi kolloota wodhakka'aa caalaa dhiphatan. \v 6 Kollooti sufaa sadiin wol irratti waan ijaaramaneeranuuf, akka badhinna dalleya keessaa utuboota hin qabanu; tanaaf kollooti ol aananu kolloota gad aananuu fi kolloota wodhakka'aa caalaa dhiphatan. \v 7 Karaa badhinna dalleya keessaa gara alaatiin fuullee kollootaa dalleenni dhaka'aa ka ciqilee shantama dheeratu tokko jira. \v 8 Kollooti badhinna dalleya keessaa ka gara alaa ciqilee shantama dheeratan; tarreen kolloota fuullee Galma Waaqaa jiranu ciqilee dhibba dheeratti. \v 9 Badhinna dalleya keessaa ka gara alaatiin yennaa ol seenanu, karaa aduun baatuun, gara kolloota gad aananu seensuma tokkotti jira. \v 10 Karaa kibbaatiin badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti, badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatitti aananee, fuullee badhinna dalleya keessaa ka gara alaatiin kollooti jiran. \v 11 Kolloota san dura karaan dabaranu jira; kollooti sun dheerinnii fi badhinni isaanii, karaan gad bayanu, akki isaan itti ijaaramaneeranu, balbalti isaaniille kolloota karaa kaabaa woliin wol fakkaatan. \v 12 Balbalti kolloota karaa kibbaalle wol qixa; jalqaba karaa dabaranuu san seensumatti jira; maarre nami dhuma dalleyaatiin karaa aduun baatuun seena. \v 13 Achiin duuba inni anaan, «Kollooti kaabaatii fi kibbaa worri fuullee badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaa jiranu sun woyyoota. Achitti hayyooti fuula Mootii Waan Maraa dura dhikaattu kennansa woyyicha nyaatti. Addeen sun woyyittii waan teeteef, kennansa irraa caalaa woyyuu te'e: kennansa midhaanii, kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatu, kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatulle achi keyan. \v 14 Hayyooti gara addee woyyitti'ii san seenaneen duuba uffanni achi keessa ittiin tajaajilanu woyyuu waan te'eef, uffana san adoo ifi irraa baafatanee lafa hin keyin, achi keessaa gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti gad hin bayanu. Isaan gara addee kolbaa taaniititti adoo gad hin bayin woyaa dhibii uffatuu qaban» jedhe. \s1 Mikii Adaala Galma Waaqaa \p \v 15 Namichi sun Galma Waaqaa keessa mikee fixeen duuba, gara karra karaa aduun baatuutiin gad na baasee, adaala alaa san mike. \v 16 Inni ulee miki'ii fuudhee cinaa karaa aduun baatuu mikee ciqilee dhibba shan te'e. \v 17 Achiin duuba karaa kaabaa ulee miki'iitiin mikee ciqilee dhibba shan te'e \v 18 Karaa kibballe mikee ciqilee dhibba shan te'e \v 19 karaa aduun seentulle mikee ciqilee dhibba shan te'e. \v 20 Maarre inni Galma Waaqaa cinaa arfanuu mara mike. Dalleenni dhaka'aa ka addee woyyittii addee woyyittii hin te'in irraa adda baasu ka dheerinni isaa ciqilee dhibba shanii, badhinni isaalle ciqilee dhibba shanii adaala san jiraayyu. \c 43 \s1 Mootiin Waan Maraa Kolbaa Ifii Odduu Jiraate \p \v 1 Achiin duuba inni gara karra karaa aduun baatuu na geesse. \v 2 Kunoo, ulfinni Waaqa Israa'elii karaa aduun baatuun dhufuun dhagge. Shookkessi dhufiisaa isaa akka shookkettii bisaan xinniquu ti; ulfinna isaatiin latti balaqqitte. \v 3 Mudhiin ani dhagge ta akka ani yennaa inni qachaa balleessiisaaf dhufe dhagge fakkaattu, mudhii laga Kebaarii biratti dhaggelle'een ta wol fakkaatti. Anille addaan lafatti gad gombifame. \v 4 Ulfinni Mootii Waan Maraa karaa karra karaa aduun baatuutiin gara Galma Waaqaa akkuma seeneen, \p \v 5 Ayyaanni ol na fuudhee gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa na geesse; kunoo, ulfinni Mootii Waan Maraalle Galma Waaqaa guute. \v 6 Namichi sun adoo na bira dhaabbatiisatti jiruu, nami tokko Galma Waaqaa keessaa natti dubbatuun dhage'e; \v 7 inni anaan, «Ee ilma Namaa! Tun addee barcumaa mootummaa tiyyaa, addee ijjata miila kiyyaa, addee ani kolbaa Israa'elii odduu haga bara baraa le'u. Kolbaan Israa'eliitii fi moototi isaanii haganaa achi gaarayyeeffatiisaan, waaqota dharaa ka lubbuu hin qanne ka mootota ifii addee waaqonfannaa ifiititti waaqonfatiisaan maqaa kiyya woyyicha hin batteessanu. \v 8 Karaa seensuma balbala isaanii, karaa seensuma balbala tiyya bira, mikikkila isaanii mikikkila kiyyaa biratti dhaabiisaan, anaa fi isaan wodhakkaa dhaaba dhaka'aa tokko qofatti jira. Isaan waan diqachiisaa ifiitiin maqaa kiyya woyyicha batteessane; tanaaf ani aarii tiyyaan isaan fixe. \v 9 Amma isaan gaarayyeeffata ifiitii fi waaqota dharaa ka lubbuu hin qanne ka mootota ifii anarraa geegessanuu ti; anille odduu isaanii haga bara baraa hin jiraadha. \p \v 10 «Ee ilma namaa! Yakkaa hujane akka fokkifatanu, marroo Galma Waaqaa kolbaa Israa'eliititti himi; isaan attam akka inni itti ijaaramiisaaf karoorfameeru yaadanuu ti. \v 11 Isaan waan godhane maratti yoo fokkifatane, Galmi Waaqaa attam akka itti ijaaramiisaaf akeekkameeru, attam akka ijaaramaaru, karaa gad baya isaa, karaa seensuma isaa akka isaan beekanu godhi; akeeka ijaarsa isaa duudii, seerataa fi seera isaa mara akka dansaa akka beekanu godhi; akka isaan seeraa fi seerata isaa hubatanee muummessanu ila isaanii duratti barreessi. \v 12 Seerri Galma Waaqaa kana: gaarri gubbaan adaallii gaaraa sun marti lafa irra caalaa woyyuu hin te'a. Kunoo, kun seera Galma Waaqaa ti. \s1 Addee Ciinca'aa \p \v 13 «Mikiin addee ciinca'aa ta ciqilee dheertu'uu, ta ciqilee tokkoo fi taakku'uu ta asii gad jirtu. Jalli isi'ii ciqilee tokko hojjaa ol dheerata; isiin ciqilee tokko badhatti; irgi isi'ii ka itti naannoweeru taakkuu tokko hin te'a; kun hojjaa addee ciinca'aa hin te'a: \v 14 Hundee lafa irra jirtu irraa ka'ee haga irga buusaa gad aanuutitti hojjaan isi'ii ciqilee lama; badhinnille ciqilee tokko. Irga buusaa diqqa'aa irraa kaasee haga irga buusaa gudda'aatitti hojjaan isi'ii ciqilee afur, badhinni isi'iille ciqilee tokko. \v 15 Addeen ibiddaa ta ciinca'aa hojjaan isi'ii ciqilee afur; addee ibiddaa irraa gaafoti afur ol bayeera. \v 16 Addeen ibiddaa ta ciinca'aa cinaan isi'ii arfanuu wol qixa teetee, dheerinni ciqilee kudhanii lama, badhinnille ciqilee kudhanii lama. \v 17 Kaabiin dhaka'aa sun cinaan arfanuu wol qixxee te'ee, dheerinni isi'ii ciqilee kudhanii afur, badhinni isi'ii ciqilee kudhanii afur te'ee, badhinni xiyyoo isi'ii ka itti marfameeru gamisa ciqile'ee ti; naannoon hundee isi'ii martinuu badhinni ciqilee tokko; yaabbannooti addee ciinca'aa karaa aduun baatuun jiraniiyyu» jedhe. \p \v 18 Achiin duuba namichi anaan, «Ee ilma namaa! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Addeen ciinca'aa tun hujantee, kennansi gubamu yennaa dhikaatuu fi addee ciinca'aa tana irratti dhiigi yennaa fiffixamu, seerri isaanii kana: \v 19 Ati dardara tokko ka kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatu, hayyoota natti dhikaatanee ana tajaajilanu, sanyii Zaadoqii gosa Lewwootaatiif kenni. \v 20 Ati dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhiitii gaafota addee ciinca'aa afur irratti, roga kaabii dhaka'aa afur san irratti, marsa xiyyoo isaa mara irratti dibi. Akka kanaan addee ciinca'aa qulleessiitii, cubbuu isi'iitiif gumaa tolchi. \v 21 Dardara kennansa cubbu'uutiif dhikaate san fuudhiitii, adaala Galma Waaqaatitti, addee waan kanaaf adda baatetti, addee woyyitti'iin alatti gubi. \v 22 Guyyaa lammeesso'oo korbeessa re'e'ee ka fafa hin qanne fuudhiitii kennansa sababa cubbu'uutiif dhikeessi; addeen ciinca'aa akkuma dhiiga dardaraatiin qulleeffante, dhiiga korbeessa saniille'een qulleeffantuu ti. \v 23 Qulleessiisa kana qulleessitee yennaa fixxe, tika keessaa dardaraa fafa hin qanne tokkoo fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokko, \v 24 Mootii Waan Maraa dura dhikeessi; hayyooti soodda itti fiffixanee, kennansa gubamu godhanee Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessan. \v 25 Guyyuma guyya'aan, guyyaa torbaaf korbeessa re'e'ee tokko kennansa sababa cubbu'uutiif dhikeessi; tika keessalle'ee dardara fafa hin qanne tokkoo fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne qopheessan. \v 26 Isaan guyyaa torbaaf addee ciinca'aa saniif, gumaa tolchanee isii hin woyyoonsan. \v 27 Guyyooti kun yennaa dabarane, guyyaa saddeetesso'ootiin jalqabee gara duraatitti hayyooti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa keessan addee ciinca'aa irratti hin dhikeessan; anille isin hin fudhadha› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe. \c 44 \s1 Karra Karaa Aduun Baatuu Ta Gara Alaa \p \v 1 Achiin duuba namichi sun gara karra Galma Waaqaa ta fuullee aduun baatuu ta gara alaa na geesse; karri sun cufanteertiiyyu. \v 2 Mootiin Waan Maraa anaan, «Karri tun cufanteetuma leeti malee ijjumaa hin banantu; ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii achiin waan seeneef, eennulle achiin hin seenu. Tanaaf isiin akkuma cufantetti leeti. \v 3 Te'uu malee, qondaaltichi bulchaa biyyaa callaan sagalee woyyittii fuula ana Mootii Waan Maraa duratti nyaatiisaaf, achiin seenee tee'uu hin dande'a. Inni karaa soroo seensumaatiin seenee karuma seene saniin bayuu hin dande'a» jedhe. \s1 Seerataa fi Seera Galma Waaqaa Ittiin Seenanu \p \v 4 Achiin duuba namichi sun karaa karra fuullee kaabaatiin Galma Waaqaa dura na geesse. Kunoo, ani ilaalee ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Mootii Waan Maraa guuteeruun dhaggee, ani addaan lafatti gad gombifame. \v 5 Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee ilma namaa! Qalbeeffadhuu ila teetiin ilaaliitii, waan ani sitti himu mara marroo seerataa fi seera Galma Waaqaa duudii gurra keetiin dhage'i! Karaa Galma Waaqaa seenanuu fi karaa Galma Waaqaatii gad bayanu midhassii hubadhu. \v 6 Worra finqilaa kolbaa Israa'eliitiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Isin kolbaa Israa'elii, hujiin teessan diqachiittuun marti amma hin geetti. \v 7 Hujii teessan diqachiittuu san irratti edeetanee, worra naaf hin ajajanne ka haqanqabaa hin qabatin orma gara Galma kiyyaa galchitanee, yennaa sagalee, coomaa fi dhiiga naaf dhikeessitanu, Galma kiyya batteessitaneertan; gondooroo tiyyalle diiddaneertan. \v 8 Worri dhibiin meya kiyya woyyicha akka eeganuuf, achi keettane malee, isin ifiif meya woyyicha isinitti kenname san hin eenne jedha. \p \v 9 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Worri naaf hin ajajanne, ormi haqanqabaa hin qabatin, ka kolbaa Israa'elii odduu le'ulle yoo te'e gara Galma kiyyaa hin seenin. \s1 Lewwooti Tajaajila Hayyumma'aa Irraa Ari'amane \p \v 10 « ‹Israa'elooti na hordofiisa irraa yennaa fagaatane, Lewwooti waaqa dharaa ifii hordofiisaan joonjanelle hin adabaman. \v 11 Lewwooti addee woyyittii tiyya keessa hin tajaajilan; karra Galma kiyyaa irra ideemanee ilaalaa, Galma kiyya keessa hin tajaajilan. Isaan kennansa gubamu qalanee, kolba'aafille ciincaa hin dhikeessan; dura isaanii dhaabbatanee kolbaa hin tajaajilan. \v 12 Isaan waaqota dharaa duratti kolbaa tajaajilanee, kolbaan Israa'elii yakkaa akka hujjuuf, gufuu waan te'aneef, akka isaan adabamuu qabanu kakadheera. Kana ana Mootii Waan Maraatitti dubbate. \v 13 Isaan hayyuu te'anee ana tajaajiliisaaf gara kiyya hin dhikaatanu; gara meya kiyya woyyichaa, gara waan kiyya ka irra caala woyyu'uu maralle hin dhikaatanu; ammoo waan diqachiittuu hujane saniif salphinna ifii hin uffatan. \v 14 Te'uu malee, hujii Galma Waaqaa itti gaafatamuma'aan akka hujanu, hujii Galma kiyya keessaa mara itti gaafatamumma'aan akka hujantu hin godha. \s1 Qajeelfama Hayyootaaf Kenname \p \v 15 « ‹Kolbaan Israa'elii yennaa ana irraa gorane, worri hujii Galma kiyya keessaa addatamumma'aan hujane, sanyiin Zaadoqii Lewwooti, ana tajaajiliisaaf na dura hin dhufan. Coomaa fi dhiiga naaf hin dhikeessan. \v 16 Isaan callaan gara Galma kiyyaa seenanee na hin tajaajilan; isaan callaan fuula kiyya duratti na tajaajiliisaaf, seerata waaqonfanna'aa kiyyalle muummessiisaaf gara qorii tiyyaa hin dhikaatan. \v 17 Isaan yennaa karra badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa seenanu, woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatanuu ti; isaan yennaa karra badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa seenanu yookiin Galma Waaqaa keessa tajaajilanu, woyaa rifeensa hoole'ee hin uffatin. \v 18 Isaan mataa ifii irratti marata quncee talba'aa irraa hujame maratanuu ti; mutaandii quncee talba'aa irraa hujante hidhatanuu ti; woyaa isaan danfisiittu hin uffatin. \v 19 Isaan gara kolba'aa badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti yennaa gad bayanu, woyaa ittiin tajaajilane baafatanee kolloota woyyoota keessa keyanuu ti. Kolbaan woyaa woyyittii san tuxxee akka hin miidhanne\f + \fr 44:19 \fr*\fqa Kolbaan woyaa woyyittii san tuxxee akka hin miidhanne: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Woyaa ifiitiin kolbaa akka hin woyyoonsine \fqa*\ft jedha.\ft*\f*, woyaa dhibii uffatanuu ti. \p \v 20 « ‹Isaan rifeensa mataa ifii quxatanuu ti malee, hin haadatin yookiin hin dheereffatin. \v 21 Hayyichi tokko gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa yennaa seenanu, daadhii woyni'ii hin unin. \v 22 Hayyooti dubartii abbaan worra irraa du'e yookiin lakkise hin fuudhin; ammoo durra sanyii Israa'elootaa yookiin dubartii hayyichi tokko irraa du'e qofa fuudhuu hin dande'an. \v 23 Hayyooti garaagarummaa waan aadaa dhugeeffanna'aatiin woyyuu te'eetii fi waan woyyuu hin te'inii kolbaa tiyya barsiisanuu ti; isaan garaagarummaa aadaa dhugeeffanna'aatiin waan qulqulluu te'eetii fi waan qulqulluu hin te'iniille isaanitti mudhisanuu ti. \p \v 24 « ‹Moromaan yennaa kaatu, isaan abbootii mura'aa te'anee tajaajilanuu ti; isaan akka seera kiyyaatitti muranuu ti. Isaan seeraa fi seerata jila tiyya ta beekkantee mara eegatanuu ti; Sanbata kiyyalle woyyoonsanuu ti. \v 25 Isaan nama du'etti dhikaatanee ifi hin batteessin. Te'uu malee nami du'e sun abbaa yookiin haadha, ilma yookiin intala, obboleessa yookiin obboleettii hin heeruminiif ifi batteessuu hin dande'an. \v 26 Hayyichi tokko qulqulloomeen duuballe guyyaa torba eegatuu ti. \v 27 Inni Galma Woyyicha keessa tajaajiliisaaf gara Galma Woyyichaa, gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa gaafa seenu kennansa sababa cubbuu ifii dhikeessuu ti; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. \p \v 28 « ‹Ani lafa isaanii waan te'eef, Israa'el keessatti hayyootaaf latti hin kennamin. Ani qabeenna isaanii ti. \v 29 Kennansi midhaanii, kennansi sababa cubbu'uutii fi kennansi sababa yakka'aa, Israa'el keessatti wonni ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame marti ta isaanii ti. \v 30 Midhaan gosa maraa keessaa ka mata'aa marti, kennansa keessan keessaa kennansi gosa maraa marti ka hayyootaa ti. Eebbi mana keessan irratti akka bu'uuf, bullaa teessan ta mata'aa irraa hayyootaaf kenna'a. \v 31 Hayyooti foon waan tokkoolle, foon sinbirre'ee yookiin foon bineensaa, foon waan ifiin du'ee yookiin foon waan bineensi ijjeesee hin nyaatin. \c 45 \s1 Hirama Lafaa \p \v 1 « ‹Isin hixaa buusiisaan lafa yennaa hirtanu, lafa kutaa woyyittii dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isi'ii ciqilee kuma diddamaa, Mootii Waan Maraatiif adda baasa'aatii kenna'a; latti sun duudiin woyyuu hin teeti. \v 2 Lafa san keessaa ta dheerinni isi'ii ciqilee dhibba shan, badhinni isi'iille ciqilee dhibba shan te'e, ta addee duwwaa badhinni isi'ii ciqilee shantamaa adaala ifiitii qaddu Galma Waaqaatiif teetuu ti. \v 3 Addee woyyittii san irralle'ee, lafa dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhanii miki; tun Addee Irra Caalaa Woyyittii Galma Waaqaa hin teeti. \v 4 Latti tun lafa san keessaa kutaa woyyittii hin teeti. Isiin hayyoota Galma Waaqaa keessa tajaajiltu, ta Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf isatti dhikaattuuf, hin teeti; addeen tun addee manni isaaniitii fi addee woyyittii Galmi Waaqaa itti ijaaramu hin teeti. \v 5 Latti dhibiin ta irraa hatte, ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhanii Lewwoota worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanuuf, qachaa keessa le'anu itti ijaarratiisaaf qabeenna isaanii hin teeti. \p \v 6 « ‹Addee woyyittii adda baate sanitti aantee, addee badhinni isi'ii ciqilee kuma shanii, dheerinni isi'iille ciqilee kuma diddamii shanii, kolbaa Israa'elii maraaf addee qachaa itti ijaaranu teetuu ti. \s1 Lafa Qondaaltichaa \p \v 7 « ‹Qondaaltichi bulchaan biyyaa addee woyyittii sanii fi qachaa san karaa aduun seentuu fi karaa aduun baatuun, lafa haga meessaa biyyaa dheerattu qabaachuu qaba; latti sun haguma lafa gosa tokkoof kennantuu dheerattuu ti. \v 8 Latti tun lafa Israa'elii keessatti qondaalaaf hin teeti; haganaa achi qondaaltoti tiyya kolbaa tiyya hin cunqursanu; kolbaan Israa'elii ammoo akkuma gosa gosa ifiititti lafa qabaatanuu ti. \p \v 9 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee, qondaaltota Israa'elii! Isin geettuu ti; hunnaan namatti ka'iisaa fi nama cunqursiisa lakkisa'a; haqaa fi balchummaa huja'a; kolbaa tiyya lafa isaanii irraa ari'iisa lakkisa'a; tana ana Goottaa Mootii Waan Maraatitti dubbate. \v 10 Isin waan ittiin safartanu ka «Eefaa» jedhamuu fi ka «Baatihii» jedhamu ka sirrii te'ane qabaadha'a. \v 11 Eefa'aa fi baatihiin sun wol qixxee te'anuu ti; isaan lamaanuu yennaa mara madaallii «Homer» jedhamu harka kudhan keessaa harka tokko qabatan. Homer madaallii wolii galaa te'uu ti. \v 12 Isin biratti madaalliin keessan ka «Sheeqelii» jedhamu tokko madaallii «Geraa» jedhamu diddama; sheeqelii diddama irratti sheeqelii diddamii shanii fi sheeqeliin kudhanii shan yennaa ede'ame madaallii «Miinaa» jedhamu tokko hin te'a. \s1 Kennansa Adda Addaatii Fi Guyyaa Jilaa \p \v 13 « ‹Kennansi isin dhikeessitanu, qamadii omeerii tokko tokko keessaa eefaa jaa keessaa eefaa tokko, garbuu omeerii tokko tokko keessaa eefaa jaa keessaa eefaa tokko, \v 14 Zayitii irralle'ee waan ittiin safartanu ka «Korii» jedhamu tokko tokkooyyuu irraa akkuma omeerii baatihii kudhan keessaa baatihii tokko te'uu ti. \v 15 Akkasuma tika hoolee Israa'elootaa ta lafa bisaan bacaan jiruu keessaa hoolee dhibba lamaa keessaa hoolee tokko kenna'a. Kun marti kennansa midhaanii, kennansa gubamu, kennansa tokkumma'aa ka gumaa cubbuu kolba'aa te'anuu ti. Kana ani Goottaan Mootiin Waan Maraa dubbadheera. \v 16 Kolbaan Israa'elii marti kennansa addaa kana qondaala Israa'el keessaatiif kennituu ti. \v 17 Kennansa gubamu, kennansa midhaanii, kennansa daadhii woyni'ii, guyyoota jilaatitti, guyyoota baatii ji'aatii fi guyyoota Sanbataatitti, jila Israa'elii ta beekkante mara irratti dhikeessiis hujii qondaala Israa'elii ti; inni kennansa sababa cubbu'uu, kennansa midhaanii, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa kolbaa Israa'eliitiif gumaa araara cubbu'uu hin dhikeessa. \p \v 18 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ji'a tokkeesso'oo, ji'a san keessa guyyaa tokkeesso'oo loon keessaa dardara fafa hin qanne tokko fuudhii ciincessii, Galma Waaqaa qulleessi. \v 19 Hayyichi dhiiga kennansa sababa cubbu'uu san irraa diqqaa isaa fuudhee, mikikkiloota Galma Waaqaa, irga addee ciinca'aa roga arfanuu, mikikkiloota karra gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaatitti seenanuu dibuu ti. \v 20 Nami tokko dokonkoraan yookiin adoo hin beekin cubbuu hujeef guyyaa torbeesso'oo akkuma kana godhi; maarre akkanaan Galma Waaqaatiif gumaa godhi. \p \v 21 « ‹Ji'a tokkeesso'oo guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, Jila Irra Dabaramaa jilifadha'a; guyyaa torbaaf daabboo uukoo hin qanne hin nyaattan \v 22 Inni guyyaa san qondaalli ifii fi kolbaa lafa sanii maraaf kennansa sababa cubbu'uu dardara tokko qopheessuu ti. \v 23 Guyyoota jilaa torba sanitti, dardaroota torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba ta fafa hin qanne, guyyuma guyya'aan kennansa gubamuuf ana Mootii Waan Maraatiif hin qopheessa; korbeessa re'e'eelle kennansa sababa cubbu'uutiif guyyuma guyya'aan hin qopheessa. \v 24 Inni dardara san tokko tokkooyyuu woliin bullaa eefaa tokko tokko, korbeessa hoole'ee san tokko tokkooyyuu woliin bullaa eefaa tokko tokko, bullaa eefaa tokko tokko sanille zayitii ejersaa litirii sad sad woliin qopheessuu ti. \p \v 25 « ‹Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti guyyoota jilaa torba sanitti, hayyichi kennansa sababa cubbu'uutiif, kennansa gubamuuf, kennansa midhaaniitii fi kennansa zayiti'iitiifille akkasuma qopheessuu ti. \c 46 \s1 Qondaalaa fi Kennansa Adda Addaa \p \v 1 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Karri badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa ta fuullee karaa aduun baatuu, guyyaa huji'ii jaa cufantuu ti; guyyaa sanbataatii fi guyyaa baatii ji'aa ammoo banantuu ti. \v 2 Qondaalli yennaa alaa dhufu karaa soroo karraatiin seenee, mikikkila karraa san bira dhaabbatuu ti. Hayyooti kennansa inni qopheesse kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessanu ti; qondaaltichi adduma badhinna karraa sanitti sagaduu ti. Achiin duuba inni hin baya; karri ammoo haga galgalaatitti hin cufantu. \v 3 Guyyaa sanbataatii fi guyyaa baatii ji'aa kolbaan lafa sanii seensuma karra saniititti Mootii Waan Maraa duratti gad gombifantee sagadduu ti. \v 4 Qondaaltichi guyyaa sanbataa kennansa gubamuuf buruusota korbeeyyii hoole'ee ta fafa hin qanne jaa fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokko Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. \v 5 Kennansi midhaanii ka korbeessa hoole'ee san woliin dhikaatu eefaa tokko te'uu ti; ka buruusota korbeeyyii hoole'ee san woliin dhikaatu haguma inni kennuu dande'e te'uu ti; eefaa tokko tokkooyyuu woliin zayitii litirii sad fiduu ti. \v 6 Guyyaa baatii ji'aa inni loon keessaa dardara fafa hin qanne tokko, buruusota korbeeyyii hoole'ee jaa fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokko dhikeessuu ti. \v 7 Kennansa midhaanii dardara tokko san woliin bullaa eefaa tokko, korbeessa hoole'ee tokko san wolille'een bullaa eefaa tokko, buruusota san woliin haguma inni kennuu dande'e, bullaa eefaa tokko tokko saniif zayitii litirii sad sad dhikeessuu ti. \v 8 Qondaalli sun yennaa seenu, karaa soroo karraatiin seenee, yennaa bayulle karuma saniin bayuu ti. \p \v 9 « ‹Guyyoota jila beekkantee mara kolbaan lafa sanii Mootii Waan Maraa dura yennaa dhufanu, worri karaa karra kaabaatiin seene, karaa karra kibbaatiin bayanuu ti; worri karaa karra kibbaatiin seene, karaa karra kaabaatiin bayanuu ti; eennulle karaa karra seeneetiin hin bayin. Ammoo adoo gara hin galin gara duraa bayuu ti. \v 10 Yennaa isaan seenanu, qondaalli isaan woliin seenuu ti; yennaa isaan bayanulle inni isaan woliin bayuu ti. \v 11 Guyyoota jilaatii fi guyyoota jila beekkantee mara kennansi midhaanii ka dardara tokko woliin dhikaatu bullaa eefaa tokko, ka korbeessa hoole'ee tokko wolille'een dhikaatu eefaa tokko te'uu ti; buruusota woliin haguma inni kennuu dande'e, bullaa eefaa tokko tokkoof zayitii litirii sad dhikeessuu ti. \p \v 12 « ‹Qondaala fedhii ifiitiin kennansa gubamu yookiin kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisa dhufuuf, nami tokko karra fuullee karaa aduun baatuu isaaf banuu ti. Innille akkuma guyyaa sanbataa kennu san kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa kennuu ti. Achiin duuba inni bayee deemuu ti; inni deemeen duuba karri cufantuu ti. \p \v 13 « ‹Inni guyyuma guyya'aan ganama mara buruusoo korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne ka woggaa tokkoo kennansa gubamuuf ana Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessa. \v 14 Isa woliin kennansa midhaanii ganama mara bullaa eefaa tokko harka jaa keessaa harka tokko, bullaa ittiin sukkuumiisaaf zayitii litirii tokko qopheessuu ti; kunille seera yennaa maraa te'uu ti. \v 15 Akka kanaan buruusi korbeessa hoole'ee, kennansi midhaaniitii fi zayitiin guyyuma guyya'aan ganama mara kennansa gubamuuf dhikaatanuu ti jedha› jedhiin» jedhe. \s1 Qondaaltichaa Fi Lafa \p \v 16 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Qondaalli tokko lafa ifii irraa ilmaan ifii keessaa ilma tokkoof yoo kenne, latti sun ilmaan isaatii fi sanyii isaaniitiif dabartee dhaala teetuu ti. \v 17 Qondaalli tokko lafa ifii irraa tajaajiltoota ifii keessaa tajaajilaa tokkoof yoo kenne ammoo haga woggaa bilisumma'aatitti ka isaa teetuu ti. Achiin duuba isiin qondaaltichaaf deebituu ti; latti sun ta isaa waan teeteef, ilmaan isaa qofaaf teetuu ti. \v 18 Qondaalli kolbaa irraa lafa hunnaan hin fudhatin; kolbaan tiyya lafa ifii irraa akka hin bittinnoonneef, latti inni ilmaan ifiitiif kennu qooda ifii qofa irraa teetuu ti» jedha. \s1 Addee Kennansi Adda Addaa Itti Iffeelamu \p \v 19 Achiin duuba nami sun karaa seensuma karra bira jiruutiin gara kolloota woyyoota hayyootaa ta fuullee kaabaatitti tarre'etti jiranuu na geesse. Kunoo, dhuma kollootaa karaa aduun seentuun addee takkatti jiraayyu. \v 20 Inni anaan, «Isaan kennansa woyyoota kana gara addee badhinna dalleya keessaa ka gara alaa fidanee kolbaan akka hin miidhanneef\f + \fr 46:20 \fr*\fqa Kolbaan akka hin miidhanne: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Kolbaa woyyoonsiisaaf \fqa*\ft jedha.\ft*\f*, addeen tun addee hayyooti kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu, kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatulle itti iffeelanuu fi addee kennansa midhaanii itti bilcheessanu» jedhe. \p \v 21 Achiin duuba nami sun gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa na geessee, roga arfan irra na marsiise. Kunoo, roga badhinna dalleya keessaa san tokko tokkoo isaaniituu irra badhinna dalleya keessaa ka dhibi'itti jiraayyu. \v 22 Roga badhinna dalleya keessaa san arfanuu irra badhinna dalleya keessaa didiqqaa ka dheerinni isaanii ciqilee afurtamaa, badhinni isaaniille ciqilee soddomaatitti jiraayyu; isaan arfanuu woluma qixa. \v 23 Cinaa badhinna dalleya keessaa didiqqaa san arfaniituu gara keessaatiin dhaaba dhaka'aatitti naanneffamee jiraayyu; dhaaba dhaka'aa san mara jala addee ibidda itti bobeessanutti jiraayyu. \v 24 Achiin duuba namichi sun anaan, «Kun marti addee tajaajiltooti Galma Waaqaa ciincaa kolbaan dhikeessitu itti iffeeltu» jedhe. \c 47 \s1 Bisaan Galma Waaqaa Keessaa Burqu \p \v 1 Achiin duuba namichi sun gara balbala Galma Waaqaa deebisee na fide; kunoo, mikikkila Galma Waaqaa san jalaa bisaan burqee, Galmi Waaqaa karaa aduun baatutti fuula waan galeeruuf, bisaan sun gara karaa aduun baatuu laana yaa'uun dhagge; bisaan sun addee ciinca'aa irraa gara kibbaatiin, Galma Waaqaa maddii kibbaatiin karaa aduun baatu gad yaa'e. \v 2 Achiin duuba namichi sun karaa karra gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessaa na baasee, gara alaatiin na marsiisee, gara karra gara alaa ta fuullee karaa aduun baatuu na geesse; kunoo, bisaan karra san gara kibbaatiin karaa aduun baatu laana yaa'uun dhagge. \v 3 Namichi sun wodaroo miki'ii qabatee bisaan karaa aduun baatu yaa'u gula deemee ciqilee kuma tokko mike; achiin duuba inni akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun gulubii na geye. \v 4 Ammalle inni ciqilee kuma tokko mikee akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun jilba na geye; ammalle inni ciqilee kuma tokko mikee, akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun hidha na geye. \v 5 Itti dabalee inni ciqilee kuma tokko mike; bisaan sun waan guuteeruuf, qilee ka nami daakiisaan malee gamatti bu'iisa hin dandeenne waan te'eef, anille keessa deemee gamatti bu'iisa hin dandeenne. \v 6 Namichi sunille, «Ee ilma namaa! Ati tana dhaggiteertaa?» naan jedhe. \p Achiin duuba inni gara qarqara lagaa duubatti na deebise. \v 7 Ani adoo deebi'iisatti jiruu qarqara laga sanii gamaa fi gamanatti mukoota akka malee bacaa dhagge. \v 8 Namichi sun anaan, «Bisaan kun gara lafa karaa aduun baatuu, gara dhooqa Yordaanosiititti gad yaa'a. Bisaan kun yennaa abbaayaa sooddaa seene, bisaan abbaayaa sooddaa sun haareffamee bisaan dansaa hin te'a \v 9 Addee bisaan sun dhaqu maratti dadi lubbuu qaddu marti lubbu'uun hin jiraatti; addee bisaan kun dhaqu maratti qurxummiin bacaan hin jiraatti; bisaan kun achi waan dhaquuf bisaan abbaayaa sooddaa tolee dansaa hin te'a; maarre addee bisaan kun dhaqu maratti wonni marti lubbu'uun hin jiraatti. \v 10 Worri qurxummii qabatu qarqara abbaayaa sooddaa hin dhaabbatan. En-Gedii jalqabee haga En-Eglaayimiititti lafa caccoo qurxummii ittiin qabatanu itti afatanu hin teeti; qurxummiin isi'ii akka qurxummii abbaayaa Mediteraaniya'aa qurxummii gosa adda addaa bacaa hin teeti. \v 11 Te'uu malee caffaan isi'iitii fi haroon isi'ii soodduma te'anee hafan malee tolanee bisaan dansaa hin te'anu. \v 12 Qarqara laga sanii gamaa fi gamana mukooti adda addaa ka sagalee te'anu hin latan. Isaan bisaan Galma Waaqaa jalaa burqu waan dhaggatanuuf, baalli isaanii hin qooru; midhaan isaaniille hin dhabamu; ji'uma ji'aan midhaan haareya buusan; midhaan isaanii nyaataaf, baalli isaanii qorsaaf hin te'a» jedhe. \s1 Meessaa Lafaa \p \v 13 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Meessaan lafa ati gosa Israa'elii kudhanii lamaaf qoodduu ka asii gad jiru kana. Gosi Yoseefii qooda lama qabaattuu ti. \v 14 Lafa tana wol qixxee qoodama'a; ani abbootii teessan ta duriitiif lafa tana kenniisaaf kaku'uun waadaa waan galeeruuf, latti tun dhaala keessan hin teeti. \p \v 15 «Meessaan lafa tanaa akkana hin te'a: Meessaan kaabaa abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa ka'ee, karaa qachaa Hetlooniitiin haga seensuma Haamaatii dhaqee, dabareelle haga qachaa Zedaadii, \v 16 haga qachaa Beroota'aatii fi qachaa Siibraayimii ka meessaa Damaasqo'ootii fi meessaa Haamaatii wodhakkaa jiranuu, haga qachaa Haazer-Hatiikonii ka meessaa biyya Hawuraanii dhaqa. \v 17 Akka kanaan meessaan abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa karaa aduun baatu, meessaa Damaasqo'oo gara kaabaatiin, qachaa Haamaatii gara kaabaatitti lakkisee, gara qachaa Hazar-Enonii dhaqa; kun meessaa kaabaa ti. \p \v 18 «Meessaan karaa aduun baatuu Damaasqo'oo fi Hawuraan wodhakka'aan dabaree, laga Yordaanosii gula lafa Giil'aadiitii fi lafa Israa'elii wodhakkaa dabaree, gara abbaayaa sooddaa ta karaa aduun baatuu haga qachaa Taamaarii dhaqa; kun meessaa karaa aduun baatuu ti. \p \v 19 «Meessaan kibbaa Taamaarii ka'ee haga bisaan Mariibaa-Qaadeshii ti; achille'ee laga gogaa Gibxi'ii gula haga abbaayaa Mediteraaniya'aa dhaqa; kun meessaa kibbaa ti. \p \v 20 «Meessaan karaa aduun seentuu abbaayaa Mediteraaniya'aa te'ee haga fuullee seensuma Haamaatii dhaqa; kun meessaa gara aduun seentuu ti. \p \v 21 «Gosoota teessan Israa'el oddu'utti lafa tana qoqoodama'a; \v 22 isin ifii fi worra ormaa ka odduu teessan jiru ka ijoollee qabanuufille, dhaala godha'aatii hixaa buusa'aatii qoodama'a; isaan akkuma ijoollee Israa'elii ka worra dhalataa biyyaa te'anuu ti. Gosa Israa'elii oddu'utti hixaa buufatiisaan qooda lafaa qabaatanuu ti. \v 23 Nami ormaa ka Israa'el keessa le'u kolbaa gosa Israa'elii ka keessa le'u woliin qooda ifii qabaatuu ti; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. \c 48 \s1 Qoqoodama Lafaa \p \v 1 «Maqaan gosoota lafa qoodamiisaaf galmeeffamanee isaan kana: Karaa kaabaatiin gosi Daanii qooda tokko hin qabaata; meessaan isaalle abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa ka'ee karaa qachaa Hetloonii dhaqu gula deemee gara seensuma Haamaatii, gara qachaa Hazar-Enonii dhaqa. Damaasqoo gara kaabaa lakkisee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuu ti. \v 2 Meessaa Daaniititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, Asheer qooda tokko hin qabaata. \v 3 Meessaa Asheeriititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Niftaalemii qooda tokko hin qabaata. \v 4 Meessaa Niftaalemiititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Minaase'ee qooda tokko hin qabaata. \v 5 Meessaa Minaase'eetitti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Efreemii qooda tokko hin qabaata. \v 6 Meessaa Efreemiititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Ruubenii qooda tokko hin qabaata. \v 7 Meessaa Ruubeniititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Yihuda'aa qooda tokko hin qabaata. \s1 Wodhakkaa Lafaatitti Kutaa Addaa \p \v 8 «Lafa Meessaa Yihuda'aatitti aantee, meessaa karaa aduun baatuu jalqaddee haga meessaa karaa aduun seentuutitti jirtu, qooda ati kennansa addaa gootee dhikeessitu teetuu ti; latti tun badhinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, dheerinni isi'ii karaa aduun baatuu jalqaddee haga karaa aduun seentuutitti qooda gosa tokkoo woliin wol qixxee teetuu ti. Galmi Waaqaa wodhakkaa lafa saniititti ijaarratuu ti. \p \v 9 «Latti isin qooda addaa gootanee Mootii Waan Maraatiif kennitanu dheerinni isi'ii ciqilee kuma kudhan\f + \fr 48:9 \fr*\fqa Ciqilee kuma kudhan: \fqa*\ft Hiikkaan gariin ciqilee kuma diddama jedha\ft*\f*, badhinni isi'ii ciqilee kuma diddama te'uu ti. \v 10 Tun qooda woyyittii hayyootaa teetuu ti; karaa kaabaatiin dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isaa karaa aduun seentuun ciqilee kuma kudhan, karaa aduun baatuun ciqilee kuma kudhan, karaa kibbaatiin dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shan te'ee, Galmi Waaqaa wodhakkaa isaatitti hin te'a. \v 11 Kun hayyoota sanyii Zaadoqii keessaa worra woyyoota yennaa kolbaan Israa'elii karaa irraa gorte Lewwoota worra kaan woliin adoo karaa irraa hin gorin waan ani isaan ajaje eegataneef te'uu ti. \v 12 Tun qooda lafa woyyitti'ii keessaa, Addee Irra Caalaa Woyyittii, isaaniif kennansa addaa teetee, ta meessaa Lewwootaatitti aantee jirtu. \v 13 Karaa meessaa hayyootaatiin, Lewwooti qooda lafaa ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhan teete hin qabaatti; wolumatti dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhan hin teeti. \v 14 Isaan lafa tana irraa gurguruu yookiin jijjiiruu hin qabanu; latti tun lafa mara keessaa irra caalaa dansaa ta teete; Mootii Waan Maraatiif ta woyyoonte waan teeteef, harka nama dhibi'iititti dabarfantee hin kennantu. \p \v 15 «Lafa woyyittii tana irraa qoodantee ta hatte ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, ta badhinni isi'ii ciqilee kuma shanii ta wolumatti kolbaan itti fayyadantu, manaa fi kaloo hori'iitiif hin teeti. Wodhakkaa isi'iititti qachaan hin te'a; \v 16 mikiin roga cinaa qachaa sanii arfanuu wol qixxee te'ee, karaa kaabaatiin ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa kibbaatiin ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa aduun baatuun ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa aduun seentuun ciqilee kuma afurii fi dhibba shan hin teeti. \v 17 Latti qacha'aa sun lafa horiin dheedu hin qabaatti: karaa kaabaatiin ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa kibbaatiin ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa aduun baatuun ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa aduun seentulle'een ciqilee dhibba lamaa fi shantama hin teeti. \v 18 Latti irraa hatte ta addee woyyitti'itti aante, karaa aduun baatuun ciqilee kuma kudhan, karaa aduun seentuun ciqilee kuma kudhan hin teeti; midhaan lafa sanii hojjattoota qacha'aatiif sagalee hin te'a. \v 19 Hojjattooti qachaa sanii ka gosa Israa'elii mara keessaa dhufane lafa san hin qotatan. \v 20 Guutumatti latti isin qooda addaa gootane kennitane qooda qacha'aaf kenname dabalattee wolumatti cinaan roga isi'ii arfanuu ciqilee kuma diddamii shan hin teeti. \p \v 21 «Lafa qooda woyyicha teete sanii fi lafa addee qacha'aa teete san bitta'aa fi middatti latti hatteertu ta qondaalaa teetuu ti. Tunille lafa qooda woyyicha teete ciqilee kuma diddamii shan irraa ka'ee karaa aduun baatu haga meessaa karaa aduun baatuu, lafa qooda woyyicha teete ciqilee kuma diddamii shan irraa ka'ee karaa aduun seentu haga meessaa karaa aduun seentuu ti. Latti lafa qooda gosa Israa'elii cinaa lamaaniin wol qixxee dheerattu ta qondaalaa hin teeti. Akka kanaan addeen woyyitti'ii fi Galmi Waaqaa wodhakkaa lafa sanii hin te'an. \v 22 Tanaaf latti qooda Lewwootaatii fi latti qooda qacha'aa lafa qooda qondaalaaf kenname san wodhakkaa hin teeti. Latti qondaalaalle lafa Yihuda'aatii fi lafa Beniyaamii wodhakkaa hin teeti. \s1 Lafa Gosa Worra Hafeef Qoqoodante \p \v 23 «Qoodi gosa worra hafee ka asii gad jiru: gosi Beniyaaminii meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuu qooda tokko hin qabaata. \v 24 Lafa qooda Beniyaaminiititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Shimi'oonii qooda tokko hin qabaata. \v 25 Lafa qooda Shimi'ooniititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Yisaakorii qooda tokko hin qabaata. \v 26 Lafa qooda Yisaakoriititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Zebuloonii qooda tokko hin qabaata. \v 27 Lafa qooda Zebulooniititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Gaadii qooda tokko hin qabaata. \p \v 28 «Lafa qooda Gaadiititti aanee meessaa karaa kibbaatiin, qachaa Taamaariitii ka'ee haga bisaan Mariibaa-Qaadeshii hin dhaqa; achille'ee laga gogaa\f + \fr 48:28 \fr*\fqa Laga gogaa: \fqa*\ft Yookiin lafa dareera.\ft*\f* Gibxi'ii gula deemaa haga abbaayaa Mediteraaniya'aa dhaqa. \v 29 Latti isin dhaala gootanee hixaa buusiisaan gosa Israa'eliitiif qooddanu isii tana» jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. \s1 Karra Qachaa Yerusaalemii \p \v 30 «Karri qachaa keessaa ittiin gad bayanu ka asii gad jiran: Maddiin karaa kaabaa ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee, \v 31 karri qachootaa maqaa gosa Israa'eliitiin waamaman; karri sadiin kaabaa karra Ruubenii, karra Yihuda'aatii fi karra lewwi'ii ti. \v 32 Maddiin karaa aduun baatuu ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee, karri isaa sadiin karra Yoseefii, karra Beniyaamiitii fi karra Daanii ti. \v 33 Maddiin karaa kibbaa ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee, karri isaa sadiin karra Shimi'oonii, karra Yisaakoriitii fi karra Zebuloonii ti. \v 34 Maddiin karaa aduun seentuu ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee, karri isaa sadiin karra Gaadii, karra Asheeriitii fi karra Niftaalemii ti. \v 35 Naannoon qacha'aa ciqilee kuma kudhanii saddeeti. Yennaa sanii jalqabee maqaan qacha'aa ‹Mootiin Waan Maraa achi jira› hin jedhama» jedhe.