\id EXO - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Seera Bayiisaa \toc1 Kitaaba Seera Bayiisaa \toc2 Kitaaba Seera Bayiisaa \toc3 Bay. \mt1 Kitaaba Seera Bayiisaa \imt Seensa \ip Kitaab seera bayiisaa kun kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii ta garbumma'aan keessa leete keessaa attam akka baate odeessa. Kitaab kun kutaa afur ifi keessaa qaba. 1. Garbummaa jalaa bayiisa worra Ibrootaa. 2. Ideemiisa gara gaara Siina'aa. 3. Gondooroo Waaqi kolbaa ifii woliin gaara Siina'aa irratti gondooree fi seera Waaqaa, seera kolbaan ittiin bultuu fi seera dhugeeffanna'aa attam akka isaaniif kenne odeessa. 4. Seera Dunkaanii Woyyittii ijaariisaatii fi seeraa meya Dunkaanii Woyyitti'ii hujiisaa, seera marroo hayyootaatii fi seera marroo Waaqa Waaqonfatiisaa odeessa. Kolbaa ifii biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf, nama keessaa nami Waaqi filate Muuse'e. Irra caalaa kutaan kitaaba kana keessatti beekkamu foora 20 ka ajaji kudhan keessatti barreeffame. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Israa'el Biyya Gibxi'ii Keessaa Bilisa Baate\ior 1:1—15:21\ior* \io2 Garbummaa biyya Gibxi'ii Keessaa\ior 1:1-22\ior* \io2 Dhaloota Muuse'eetii Fi Attam Akka Inni Guddate\ior 2:1—4:31\ior* \io2 Muuse'ee Fi Aaron Mootii Biyya Gibxi'ii Dura Dhaabbatane\ior 5:1—7:13\ior* \io2 Waaqi balaa biyya Gibxi'iititti buuse: \ior 7:14—11:10\ior* \io2 Jila Irra Dabaramaatii Fi Biyya Gibxi'ii Keessaa Bayiisa\ior 12:1—15:21\ior* \io1 Abbaayaa Diintuu Irraa Haga Gaara Siina'aa\ior 15:22—18:27\ior* \io1 Seeraa Fi Gondooroo\ior 19:1—24:18\ior* \io1 Dunkaanii Woyyitti'ii fi Qajeelfama Waaqa Waaqonfatiisaa\ior 25:1—40:38\ior* \c 1 \s1 Kolbaan Israa'elii Biyya Gibxi'ii keessatti Cunqurfante \p \v 1 Ilmaan Yaaqoobii ka «Israa'el» jedhamane, worri maatii ifii woliin gara biyya Gibxi'ii deemane maqaan isaanii asii gad jira: \v 2 Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, \v 3 Yisaakor, Zebuloon, Beniyaamin, \v 4 Daan, Niftaalem, Gaadi fi Asheer fa'a. \v 5 Laakkossi sanyii Yaaqoobii wolumatti torbaatama; ilmi isaa Yoseef isaaniin duraayyuu biyya Gibxi'ii keessa jira. \v 6 Barri isaanii geennaan Yoseef, obboleeyyan isaatii fi dhalooti sun marti du'ane. \v 7 Sanyiin Israa'elii ka achitti hafane ammoo horanee guddoo bacatanee, lafa Gibxi'ii guutane. \p \v 8 Achiin duuba mootiin haarenni ka marroo Yoseefii hin beenne biyya Gibxi'ii irratti mootii te'e. \v 9 Inni kolbaa ifiitiin, «Kunoo, Israa'elooti guddoo bacatanee nu caaliisatti jiran. \v 10 Laakkossi isaanii akka hin bacanne, lolli yoo ka'e diina keenna woliin nu lolanee biyyaa akka hin baane godhiisaaf kowa'a mala itti dhoonna» jedhe. \v 11 Tanaaf worri Gibxi'ii kolbaa Israa'elii cunqursiisaaf, worra hujii hunnaa isaan hujisiisu itti filane. Israa'elooti qachaa woy itti kuufatanu Fiitoomii fi Raamses mooticha Fara'ooniif ijaarane. \v 12 Te'uu malee akkuma worri Gibxi'ii irra caalaa Israa'eloota cunqursuun isaanille irra caalaa bacatanee lafa guutane; tanaaf, worri Gibxi'ii akka malee Israa'eloota sodaatane. \v 13 Worri Gibxi'ii Israa'elootatti gadhaa jabaatanee akka garbaatitti hujii hunnaa hujisiifatane. \v 14 Hujii jajjadduu faara loobiisaatii fi simintoo hujiisaatiin, hujii adda addaa ta fichaa keessaatiin, hujii hunnaa jajjadduu ifii mara gadhaa itti jabaatanee hujisiisanee jireenna itti hadheessane. \v 15 Achiin duuba mootiin Gibxi'ii worra dubartoota Ibrootaa deeysiisanu, ka, «Siifraa fi Phuwaa» jedhamanuun, \v 16 «Yennaa dubartoota Ibroota deeysiittanu annuun dhalatu dhiira yoo te'e yennuma san ijjeesa'a, durra yoo teete ammoo hin ijjeesina'a» jedhe. \v 17 Deeysiittooti sun ammoo Waaqa waan sodaataneef, akka mootiin Gibxi'ii isaan ajaje san hin goone; annoolee dhiiraalle hin ijjeenne. \v 18 Maarre Mootiin Gibxi'ii deeysiittoota san waamee, «Maaf akkas gootane? Annoolee dhiiraa maaf ijjeesuu dhaddane?» jedhee gaafate. \v 19 Isaanille deebisanee, «Dubartooti worra Ibrootaa akka dubartoota worra Gibxi'iitii moti; isaan jajjaba waan te'aneef, adoo deeysiittooti isaan bira hin geyin deyan» jedhane. \v 20 Maarre Waaqi deeysiittoota saniif waan dansaa godhe; kolbaan Israa'eliille irra caalaa bacatte. \v 21 Worri deeysiittootaa sun Waaqa waan sodaataneef, tokko tokkoo isaaniitiif maatii kenne. \v 22 Achiin duuba mootichi, «Ijoollee dhiiraa ta Ibrootaa ta dhalattu mara fuudha'aatii laga Nayiliititti gata'a, ijoollee durraa ta dhalattu ammoo hin gatina'a» jedhee kolbaa ifii mara ajaje. \c 2 \s1 Dhalatiisa Muuse'ee \p \v 1 Bara san namichi sanyii Lewwi'ii tokko dubartii sanyii Lewwi'ii fuudhe; \v 2 isiille ulfoottee ilma isaaf deette. Ilmi dhalate sun miidhagaa akka te'e yennaa dhaggite haga ji'a sadii isa dhossite. \v 3 Haga san caalaa dhossuu yennaa dadhadde ammoo, saaxaraa allaaduu irraa hujame tokko fuutee, akka bisaan keessa hin seenne leyyaa lafa keessaa dhaggamuun duuchite; achiin duuba annuu san keessa irkittee allaaduu qarqara laga Nayilii odduu keette. \v 4 Obboleettiin annuu sanii ammoo waan inni te'u ilaaliisaaf irraa fagaattee dhaabbatteertiiyyu. \p \v 5 Achiin duuba intalti mooticha biyya Gibxi'ii dhiqatiisaaf gara laga Nayilii dhutte; yennaa san dubartooti isii tajaajiltu laga san qarqara deddeemiisatti jiraniiyyu. Isiille saaxaraa allaaduu odduu jiru dhaggitee, tajaajiltittii ifii ergitee akka saaxaraa san fiddu goote. \v 6 Isiin yennaa saaxaraa san bante annuu keessatti dhaggite. Annuun waan bowiisatti jiruuf, isaaf gadditee, «Kun annuu Ibrootaa ti» jette. \p \v 7 Achiin duuba obboleettiin isaa intala Mootichaatiin, «Annuu kana akka hoosittee si'iif guddittu dubartoota Ibrootaa keessaa takkattii dhaqee si'iif waamuu?» jette. \p \v 8 Isiille, «Ee! Dhaqii waami!» jetteen. Maarre intaltille dhaxxee haadhuma annu'uu fidde. \v 9 Intalti mootichaalle isi'iin, «Annuu kana fuudhiitii hoosisii naaf guddisi; anille si'iif hin kaffala» jette. Maarre isiille annuu san fuutee hoosittee gudditte. \v 10 Mucaan sun yennaa guddate, isiin gara intala mootichaa isa geessite; innille isi'iif ilma te'e. Isiille bisaan keessaa waan isa baacheef, maqaa isaa «Muusee» jette. \s1 Muuseen Gara Lafa Miidiya'aa Baqate \p \v 11 Muuseen guddateen duuba guyyaa tokko addee kolbaan isaa jirtu dhaqee hujii hunnaa jajjadduu hujanuun dhagge. Nami Gibxi'ii tokko kolbaa Muuse'ee keessaa Ibraawicha tokko dhaanuun dhagge. \v 12 Inni asii fi achi ilaalee nami isa dhaggu tokkolle akka hin jirre hubateen duuba, nama Gibxi'ii san ijjeesee reeffa isaa maansa jala dhosse. \v 13 Guyyaa itti aanulle bayee Ibrooti lama wol loltuun dhagge. Nama balleessaa qabuun «Ati maaf nama Ibraawicha gosa keetii dhaanta?» jedhee gaafate. \p \v 14 Namichille deebisee «Nu irratti bulcha'aa fi abbaa mura'aa ka si godhe eennu? Akkuma nama Gibxi'ii san ijjeette analle ijjeesiisaaf yaaddee ree?» jedhe. Achiin duuba Muuseen sodaatee «Wonni ani tolche beekkameera» jedhee yaade. \v 15 Mootichi yennaa waan kana dhage'e, Muusee ijjeesiisaaf barbaade; Muuseen ammoo isa duraa baqatee gara lafa Miidiya'aa deemee boolla bisaanii takka bira le'e. \v 16 Hayyichi Miidiyaanii tokko ijoollee durraa torba qabaayyu; isaan gara boolla bisaanii san dhufanee hoolee abbaa ifii bisaan obaasiisaaf bisaan woraabanee goongaa\f + \fr 2:16 \fr*\fqa Goongaa: \fqa*\ft Yookiin \ft*\fqa gonboo\fqa*\ft jedhama.\ft*\f* guutane. \v 17 Tissitooti dhibiin dhufanee isaan ari'ane; Muuseen ammoo ka'ee durra saniif rogee hoolee isaanii bisaan obaase. \v 18 Isaan yennaa gara abbaa ifii Rewu'elii\f + \fr 2:18 \fr*\fqa Rewu'el: \fqa*\ft Rewu'eliin kun kama Yetroo jedhame.\ft*\f* deebi'ane, inni, «Isin adha maaf haganattuu ariifattanee deebitane?» jedhee gaafate. \p \v 19 Isaanille deebisanee, «Nami Gibxi'ii tokko tissitooti nu ariinaan nu'uuf rogee, bisaanille nuu woraabee hoolee teenna nu'uuf obaase» jedhane. \p \v 20 Innille durra ifiitiin «Meet inni? Isin maaf isa lakkittanee dhuttane? Akka inni nu woliin sagalee nyaatu, dhaqa'aatii waama'a!» jedhe. \v 21 Maarre Muuseen namicha san woliin le'iisaaf jaalate; namichi sunille intala ifii Siiforaa akka niitii isaaf teetu Muuse'eef kenne. \v 22 Isiin ilma isaaf deette; Muuseelle, «Ani lafa ormaatitti galeera» jedhee, maqaa isaa Gershoom baase. Gershoom jechuun «Galtuu» jechu'u. \p \v 23 Bara heddu'uun duuba mootichi biyya Gibxi'ii du'e; Israa'elooti garbooma keessatti qarqaarsa dhaggatiisaaf iyyatane; iyyi isaan garbummaa jalaa bayiisaaf iyyane gara Waaqaa ol dhaxxe. \v 24 Waaqille iyya isaanii dhage'ee, gondooroo ifii ta Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob woliin gondoore qaabate. \v 25 Maarre Waaqi akka Israa'elooti garbummaa keessa jiranu dhaggee, isaaniif yaadate. \c 3 \s1 Waaqi Muusee Waame \p \v 1 Gaafa tokko Muuseen hoole'ee fi re'ee soddaa ifii ta Yetroo hayyicha Miidiyaanii adoo tissuu, gaafa tokko hoole'ee fi re'ee san goomolee keessa oofee gara gaara Horeebii ka, «Gaara Woyyicha\f + \fr 3:1 \fr*\fqa Gaara Woyyicha: \fqa*\ft Addee dhibi'itti (19:11), gaara Siina'aa jedhameera.\ft*\f*» jedhamuu dhufe. \v 2 Achitti ergamaan Waaqaa bobe'a ibiddaa ka tusee keessaa bobe'u keessaa itti mudhatte. Muuseen tuseen sun ibidda irra jiraattulle akka hin gubanne dhagge. \v 3 Maarre Muuseen, «Tuseen tun maaf hin gubanne? Dhaqee baasa guddaa kana ilaala» jedhee herrege. \v 4 Mootiin Waan Maraa Waaqi akka Muuseen ilaaliisaaf dhaqe yennaa dhagge, tusee keessaa, «Muuse'e! Muuse'e!» jedhee waame. \p Muuseelle, «Ani kunoo as jira!» jedheen. \p \v 5 Waaqille, «As hin dhikaatin! Addeen ati irra dhaabbatteertu lafa woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu» jedheen. \v 6 Achiin duuba, «Ani Waaqa abbootii teetii, Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii ti» jedhe. Maarre Muuseen Waaqa ilaaluu waan sodaateef, fuula ifii gollate. \p \v 7 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Ani dhugumaan rakkinna kolbaa tiyya ta biyya Gibxi'ii keessaa dhaggeera; iyya isaan worra isaan garboonfatu jalaa bayiisaaf iyyanulle dhage'eera; farra isaaniille beekeera. \v 8 Ani harka worra Gibxi'ii keessaa isaan baasee, gara lafa dansaa aananii fi dammaa gara lafa Kana'aanotaa, gara lafa Heetotaa, gara lafa Amoorotaa, gara lafa Pheriizotaa, gara lafa Hiiwotaatii fi Yibusootaa ol isaan fidiisaaf gad bu'eera. \v 9 Amma kunoo, iyyi Israa'elootaa na bira geetteerti; worri Gibxi'ii akka isaan cunqursaarulle dhaggeera. \v 10 Maarre amma deemi. Akka ati kolbaa tiyya Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa baattuuf gara mooticha Gibxi'ii si erga» jedheen. \p \v 11 Muuseen ammoo Waaqaan, «Gara mootii Gibxi'ii dhaqee, kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'iitii ka baasu ani eennu?» jedhe. \v 12 Waaqille deebisee, «Ani si woliin hin jiraadha. Kolbaa tiyya biyya Gibxi'iitii baattee yennaa fidde gaara kana irratti na hin waaqonfatta; kunille akka ani si erge beessisa si'iif hin te'a» jedheen. \p \v 13 Muuseelle Waaqaan, «Ani gara Israa'elootaa dhaqee, ‹Waaqi abbootii teessanii gara keessan na ergeera› isaaniin yoo jedhe, isaan ammoo, ‹Maqaan isaa eennu?› jedhanee yoo na gaafatane, ani maan isaanitti hima?» jedhe. \p \v 14 Waaqi Muuse'een, «Ani Waaqa jiraata'a; ati kolbaa Israa'eliitiin ‹Waaqi jiraataan gara keessan na ergeera› jetta» jedhe. \p \v 15 Waaqi ammalle Muuse'een, «Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii teessanii, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Yisihaqii, Waaqi Yaaqoobii gara keessan na ergeera› jedhi; kun maqaa kiyya ka bara baraa ti; dhalooti martinuu kanumaan na qaabatan. \v 16 Dhaqii, jaarsolee Israa'elii wolitti qabiitii, ‹Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii teessanii, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Yisihaqii, Waaqi Yaaqoobii natti mudhatee: Ani biyya Gibxi'ii keessatti isin ilaalee waan isin godhane dhaggeera. \v 17 Rakkinna keessan ka biyya Gibxi'ii jalaa isin baasee, gara lafa aananii fi dammaa, gara lafa Kana'aanotaa, gara lafa Heetotaa, gara lafa Amoorotaa, gara lafa Pheriizotaa, gara lafa Hiiwotaa, gara lafa Yibusootaa ol isin baasiisaaf waadaa isiniif galeera anaan jedhe› jedhii itti himi; \p \v 18 «Jaarsoleen kolbaa Israa'eliille dubbii teeti hin dhage'an. Achiin duuba atii fi jaarsoleen sun gara mooticha Gibxi'ii dhaqa'aatii, ‹Mootiin Waan Maraa, Waaqi Ibrootaa, nu'utti mudhateera. Goomolee keessa karaa guyyaa sadii ideennee, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf ciincaa akka dhikeessinu nu'uuf eeyyam› jedha'aan; \v 19 Mootichi Gibxi'ii irree jaddu'uun malee akka inni gad isin hin lakkinne ani ammoo hin beeka. \v 20 Maarre ani harka kiyya diriirsee bilbaasa odduu isaaniititti tolchu maraan, worra Gibxi'ii hin dhowa; achiin duuba inni akka isin ideentanu hin lakkisa. \p \v 21 «Ani worri Gibxi'ii akka isin ulfeessanu waan godhuuf, yennaa achii baatanu harka duwwaa hin ideentanu. \v 22 Dubartiin Israa'elootaa tokko tokkooyyuu ollaa ifiitii fi dubartii worra Gibxi'ii ta mana isi'ii leetu seesa meeti'iitii fi worqi'ii akkasuma woyaa akka kennituuf gaafattuu ti. Seesa kana ilmaanii fi durra teessanitti naxxanee, woyaalle itti hin uffittan; akka kanaan qabeenna worra Gibxi'ii guurattan» jedhe. \c 4 \s1 Waaqi Hunna Bilbaasaa Muuse'eef Kenne \p \v 1 Achiin duuba Muuseen deebisee, «Israa'elooti, ‹Mootiin Waan Maraa si'itti hin mudhanne› jedhanee, yoo na dhugeeffatuu dhabane, dubbii tiyyalle yoo dhage'uu didane maan godha ree?» jedhe. \p \v 2 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Wonni ati harkatti qabatteertu sun maan?» jedheen. \p Innille, «Ule'e» jedheen. \p \v 3 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ulee san lafa buus!» jedheen; yennaa Muuseen ulee san lafa buuse, ulee sun bofa teete; Muuseelle irraa dheete. \v 4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Hiixadhuu harka keetiin eegee isaa qabi!» jedheen; maarre Muusee hiixatee bofa san qabe; bofi sunille deebi'ee ulee te'e. \v 5 Mootiin Waan Maraa, «Kanaan ani Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii isaanii, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Yisihaqii, Waaqi Yaaqoobii akka si'itti mudhadhe hin dhugeeffatan» jedheen. \v 6 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Harka keeti bobaa teeti keessa keyadhu!» jedhe. Innille harka ifii bobaa ifii keessa keyate; yennaa inni harka bobaa keessaa fuudhu, harki isaa akka dhakaa bokkeyaa akka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aa addaate. \v 7 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Harka keeti bobaa teeti keessatti deebis!» jedheen. Muuseelle harka ifii bobaa ifii keessatti deebifate; yennaa inni achi keessaa baafatu, harki fayyee akka nafa isaa kaan fakkaate. \v 8 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Isaan yoo si dhugeeffatuu dhabane yookiin bilbaasa qaraalle yoo fudhatuu dhabane, bilbaasa lammeesso'oo kana hin dhugeeffatan. \v 9 Bilbaasa kana lamaanuu yoo dhugeeffatuu dhabane, dubbii teetille yoo caqasuu didane, bisaan laga Nayilii woraabiitii lafa godduu irratti dhangalaas; bisaan ati lagaa woraadde sun lafa godduu irratti dhiiga hin te'a» jedhe. \v 10 Muuseen ammoo Mootii Waan Maraatiin, «Ee Goottaa kiyya, na hin ergin. Ani duruu nama gikkisu, arrab kiyyalle hin ulfaata; haga ati ana garbicha keeti woliin dubbii jalqadelle ani nama dandeettii dubbi'ii qabu ijjumaa hin teene» jedhe. \v 11 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Afaan namaa ka dade eennu? Ka afaan namaatii fi gurra namaa duudaa godhu eennu? Ka ila namaa akka dhaggitu godhu yookiin ballaa godhu eennu? Ana Mootii Waan Maraatii motii? \v 12 Amma, deemi; ani akka ati dubbattuuf si hin qarqaara; waan ati jettulle si hin barsiisa» jedhe. \p \v 13 Muusee ammoo, «Ee, Gootta'a, maganne'e nama dhibii ergi» jedhe. \p \v 14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'etti aaree bobe'ee, «Obboleessi keeti Aaron sanyiin Lewwi'ii hin jiraa motii? Inni akka dansaa akka dubbatu ani hin beeka. Kunoo inni gara keeti dhufiisaaf ammaayyuu karaa irra jira; inni yennaa si dhagge gadhaan isaa hin gammada. \v 15 Ati isatti hin dubbatta; waan inni dubbatulle itti akeetta. Akka dubbattanu isin lamaanuu ani hin qarqaara; waan tolchitanulle isin hin barsiisa. \v 16 Inni addee teeti bu'ee kolba'atti hin dubbata. Achiin duuba ati akka ana Waaqaa teetee, waan inni dubbatu itti hin hinta. \v 17 Ulee bilbaasa ittiin tolchitu tana harkatti qabadhu» jedhe. \s1 Muuseen Gara Gibxi'ii Deebi'e \p \v 18 Achiin duuba Muuseen gara soddaa ifii gara Yetroo deebi'ee, «Gara fira kiyyaa ka Gibxii keessa jiranuu deebi'ee dhaqee, akka isaan haga ammaa lubbu'uun jiranu ilaala!» jedheen. Yetrolle Muuse'een «Nageyaan dhaqi!» jedhe. \p \v 19 Muuseen Miidiyaan keessa adoo jiruu, Mootiin Waan Maraa, «Worri ijjeesiisaaf si barbaade martinuu amma waan du'aneeranuuf, gara Gibxi'ii deebi'ii deemi» jedheen. \v 20 Maarre Muuseen niitii ifiitii fi ilmaan ifii mara harree irra teessisee, gara Gibxi'ii deebi'uu jalqabe; inni ulee Waaqaa sanille harkatti qabateeraayyu. \p \v 21 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Yennaa gara biyya Gibxi'ii deebite, bilbaasota ani akka ati hujjuuf hunna si'iif kenne mara fuula mooticha Gibxi'ii duratti akka mudhittu hin dedhin; ani ammoo akka inni akka ideentuuf kolbaa gad hin lakkinne, mataa isaa hin jabeessa. \v 22 Achiin duuba ati mootichaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Israa'el ilma kiyya angaficha; \v 23 akka inni deemee dhaqee na waaqonfatuuf gad lakkisi si'iin jennaan, ati ammoo akka inni deemu gad lakkisuu didde. Maarre amma ani ilma keeti angaficha hin ijjeesa jedheera› jedhiin» jedhe. \p \v 24 Muuseen gara Gibxi'ii adoo deemuu, addee inni buleerutti Mootiin Waan Maraa itti dhufee, isa ijjeesiisaaf barbaade. \v 25 Niitiin isaa Siiforaan ammoo dhakaa qara qabu fuutee, ilma ifii haqanqabaa qaddee, shoggoraa\f + \fr 4:25 \fr*\fqa Shoggoraa: \fqa*\ft Gogaa qaccee nafa hilaa ka dhiiraa ti.\ft*\f* saniin miila Muuse'ee tuxxee, «Dhiiga dhangala'e kanaan, dhugumaan ati karaa fuudhaatiin fira kiyya» jetteen. \v 26 Maarre Mootiin Waan Maraa Muusee lakkise; isiin sababa haqanqaba'aatiif, «Dhiiga dhangala'e kanaan, ati karaa fuudhaatiin fira kiyya» jetteen. \p \v 27 Mootiin Waan Maraalle Aaroniin, «Muusee qophatiisaaf gara goomole'ee dhaqi» jedhe. Maarre inni gaara Waaqaa irratti isa qophatee sunqate. \v 28 Achiin duuba Muuseen, dubbii Mootiin Waan Maraa akka inni dubbatuuf isa erge mara, bilbaasota akka inni tolchuuf isa ajaje mara Aaronitti hime. \v 29 Maarre Muuse'ee fi Aaron deemanee jaarsolee sooreyyii Israa'elootaa mara wolitti qabane. \v 30 Aaron waan Mootiin Waan Maraa Muuse'etti hime mara isaanitti hime; Muuseelle fuula kolba'aa duratti bilbaasota huje. \v 31 Isaanille dhugeeffatane; Mootiin Waan Maraa akka Israa'elooti garbummaa keessa jiranu dhaggee, isaaniif akka yaadate, yennaa dhage'ane, jilbiiffatanee sagadane. \c 5 \s1 Muuse'ee fi Aaron Mooticha Gibxi'ii Dura Dhikaatane \p \v 1 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron gara mootii Gibxi'ii dhaqanee, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, ‹Kolbaa tiyya goomolee keessatti jila akka naaf jilisanu gad isaan lakkisi› jedheera» jedhaneen. \p \v 2 Mootichi Gibxi'ii deebisee, «Mootiin Waan Maraa ka ani isaaf ajajamee, Israa'eloota akka deemanu gad lakkisu kun eennu inni? Ani Mootii Waan Maraa san hin beeku; Israa'elootalle akka deemanu gad hin lakkisu» jedhe. \p \v 3 Muuse'ee fi Aaronille deebisanee, «Waaqi Ibrootaa nu'utti mudhateera; karaa guyyaa sadii goomolee keessa ideennee, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf ciincaa akka dhikeessinu nu'uuf eeyyami. Nuuti yoo kana hin tolchin inni balaa yookiin woraana nu'utti hin fida» jedhaneen. \p \v 4 Mootichi Gibxi'ii ammoo, «Muuse'ee fi Aaroniin! Isin maaf kolbaa hujii dhooggitan? Gara hujii teessanii deebi'a'a! \v 5 Kunoo, kolbaan lafa tanaa bacatteerti; isin akka isaan hujii lakkisanu godhiisatti jirtan» jedhe. \p \v 6 Guyyuma san Mootichi Gibxi'ii worra hunnaan isaan hojjachiisuu fi worra Israa'eloota hojjatoota toowatanu ajajee, \v 7 «Akka qara tolchaa turtane, hicaacee dhoqqe'een loobanu haganaa achi kolba'aaf hin dhikeessina'a! Isaanuu ifumaaf barbaadanee fidatanuu ti! \v 8 Laakkossa loobaa faara ijaarsaalle\f + \fr 5:8 \fr*\fqa Loobaa faaraa: \fqa*\fqa Afaan Amaariffaatiin xuubii \fqa*\ft jedhama. \ft*\f* haga qara hujjanu hin dhidhisina'a; haguma qara itti murteeffame san akka fidanu godha'a. Isaan booseya; tanaaf, ‹Dhandhee ciincaa Waaqa keennaaf dhikeessina› jedhaa natti iyyan. \v 9 Isaan oduu dharaa akka hin caqanne, huji'iin akka qabamanuuf, hujii ulfaattuu akka isaan hujanu tolcha'a» jedhe. \p \v 10 Worri hunnaan isaan hojjachiisuu fi worri Israa'eloota hojjattoota toowatanu dhaqanee kolbaa Israa'eliitiin, «Mootichi, ‹Ani haganaa achi hicaacee isiniif hin kennu. \v 11 Isinuu ifumaaf addee itti dhaggitanee barbaadadha'aatii fudhadha'a; hujiin teessan ammoo haga qaraa irraa hin dhidhatin› jedheera» jedhane. \v 12 Maarre kolbaan hicaacee barbaadiisaaf lafa Gibxi'ii mara keessa bittinnootte. \v 13 Worri hunnaan isaan hojjachiisanu ammoo, «Akkuma qara yennaa hicaaceen isiniif kennamu hojjattanu, hujii guyyuma guyya'aan akka hujjanu murteeffame san hobbaasa'a» jedhaa dhiibbaa itti jabeessane. \v 14 Worri hunnaan isaan hojjachiisanu, toowattoota hojjatoota Israa'eliitiin, «Laakkossa loobaa faara ijaarsaa ka kale'eetii fi ka adhaa akkuma qara akka hujanuuf murteeffame maaf hujuu dhaddane?» jedhaa dikaa gaafatane. \p \v 15 Achiin duuba toowattooti hojjattoota Israa'elii gara mooticha Gibxi'ii dhaqanee, «Ati maaf nu worra tajaajiltoota teetii akkana goota? \v 16 Nu worra tajaajiltoota teetiitiif hicaaceen hin kennanne, te'uu malee ‹Loobaa faara ijaarsaa huja'a› nu'uun jedhan; nuuti tajaajiltooti teeti dikamiisatti jirra; balleessaan ammoo ta kolbaa teetii ti» jedhanee iyyatane. \p \v 17 Mootichi Gibxi'iille deebisee, «Isin booseya; hujii hujiisa hin jaalattanu! Tanaaf, ‹Dhandhee ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessina› jettan; \v 18 amma huji'itti deebi'a'a! Hicaaceen tokkolle isiniif hin kennamu; te'uu malee laakkossa loobaa faara ijaarsaa akkuma qara akka hujanuuf murteeffame san guutuu huja'a» jedheen. \p \v 19 Toowattooti hojjatoota Israa'elii, laakkossi loobaa faara ijaarsaa akka isaan guyyuma guyya'aan hujanuuf murteeffame akka hin dhidhanne yennaa itti himame rakkoon guddoon akka isaa dhaqqadde beekane. \v 20 Isaan mooticha biraa yennaa bayane, worra isaan eegaa ture Muuse'ee fi Aaron dhaggane. \v 21 Isaan Muuse'ee fi Aaroniin, «Mootichi fi qondaaltoti isaa akka nu xireeffatanu gootanee, shallaagaa ittiin nu ijjeesanu harka isaanii keessa waan keettaneef, Mootiin Waan Maraa ilaalee, isinitti muruu ti!» jedhane. \s1 Muuseen Gara Mootii Waan Maraa Iyye \p \v 22 Muuseen gara Mootii Waan Maraa deebi'ee, «Ee Mootii Waan Maraa kolbaa tana irratti rakkoo tana maaf fidde? Tanaaf as na ergitee? \v 23 Haga ani maqaa keetiin dubbatiisaaf mooticha bira dhaqeen jalqabee, inni kolbaa tana rakkisiisatti jira; ati ammoo kolbaa teeti qarqaariisaaf waan tokkolle hin goone!» jedhe. \c 6 \p \v 1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Waan ani mooticha Gibxi'ii godhu ati amma hin dhaggita. Ani irree tiyya jaddu'uun akka inni kolbaan tiyya gad lakkisu hin tolcha. Dhugumaan, ani irree tiyya jaddu'uun akka inni biyya ifii keessaa isaan oofu isa hin tolcha» jedhe. \s1 Waaqi Muusee Waame \p \v 2 Waaqi Muuse'een, «Ani Mootii Waan Maraa ti; \v 3 ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u Abrahaamitti, Yisihaqii fi Yaaqoobitti mudhadheera. Ammoo maqaa kiyya ‹Mootii Waan Maraa ti› jedhee isaanitti ifi hin beessinne. \v 4 Biyya Kana'aanii, ta isaan alagaa te'anee keessa le'ane, isaanii kenniisaaf gondooroo tiyya isaan woliin godheera. \v 5 Amma aaduu Israa'elootaa ta worri Gibxi'ii waan isaan garboonfateef aadanu dhage'ee, ani gondooroo tiyya qaabadheera. \p \v 6 «Tanaaf ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani Mootii Waan Maraa ti; ani garbummaa Gibxi'ii jalaa isin baasee isin hin bilisoonsa. Irree tiyya ol kaasee, adabbii gugurdoo isaanitti fidee, isin hin woda \v 7 Ani kolbaa tiyya isin tolfadhee, Waaqa keessan isiniif hin te'a. Yennaa ani garbummaa Gibxi'ii jalaa isin bilisa baase ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'e hin beettan. \v 8 Lafa Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf waadaa gale sanitti akka isin galtanu godhee, isiniif hin kenna. Ani Mootii Waan Maraa ti jedha› jedhiin» jedhe. \v 9 Muuseelle waan kana Israa'elootatti hime; garbummaan hantuun addii waan isaan kutachiitteef, isaan ammoo isa hin caqanne. \p \v 10 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 11 «Gara mooticha Gibxi'ii dhaqiitii, Israa'elooti lafa isaa keessaa akka bayanu akka inni isaan gad lakkisu itti himi» jedhe. \p \v 12 Muuseen ammoo deebisee, «Kunoo, Israa'elootinuu na hin dhageenne; mootichi fa'a ana nama akka dansaa dubbatiisa hin beenne attam dhage'uu dande'a ree?» jedhe. \p \v 13 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaronitti dubbatee, Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf, dhaqanee Israa'eloota fi mooticha Gibxi'iititti akka himanu isaan ajaje. \s1 Hidda Dhaloota Muuse'eetii fi Aaronii \p \v 14 Ilmi angafichi Yaaqoobii Ruuben, ilmaan afur: Heenoki, Faluu, Hezronii fi Karmii qaba. Isaan abbootii sanyii Ruubenii ti. \v 15 Shimi'oon ilmaan jaa: Yimu'el, Yaamiin, Ohad, Yaakiin, Zohaar, Shaawul ta dubartiin Kana'aanotaa deette qaba. Isaan abbootii sanyii Shimi'oonii ti. \p \v 16 Lewwiin ilmaan sad: Gershoon, Qehaatii fi Meraari qaba. Isaan abbootii sanyii Lewwootaa ti. Lewwiin woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'e. \v 17 Gershoon ilmaa lama: Liibnii fi Shime'i qaba. \p \v 18 Qehaat ilmaan afur: Amraam, Yizhaar, Hebroon fi Uzii'el qaba. Qehaat woggaa dhibbaa fi soddomii sad le'e. \p \v 19 Meraar ilmaa lama: Maahilii fi Mushi qaba. Isaan abbootii sanyii fira Lewwi'ii ti. \p \v 20 Amraam obboleettii abbaa ifii Yokebeed fuudhe. Isiin Aaron fi Muusee isaaf deette. Amraam woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'e. \p \v 21 Yizhaar ilmaa sad: Qoraahi, Nefegii fi Ziikri qaba. \p \v 22 Uzii'el ilmaa sad: Miishaa'el, Elzaafaanii fi Siitri qaba. \p \v 23 Aaron intala Aminaadaabii, obboleettii Nahasoonii Elishebaa fuudhe. Isiille Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar deetteef. \v 24 Qoraahi ilmaan sad: Asiir, Elqaana'aa fi Abii'aasaaf qaba. Isaan abbootii sanyii Qoraahii ti. \p \v 25 Ilmi Aaronii Ele'azaar, durra Futii'elii keessaa takkattii fuudhe; isiin Fiinehaas isaaf deette. Isaan kun sooreyyii abbootii sanyii Lewwi'ii ti. \p \v 26 Muuse'ee fi Aaron worra Mootiin Waan Maraa, «Gosa Israa'elii akka fira fira isaaniititti biyya Gibxi'ii keessaa baasa'a!» jedhee itti dubbate. \p \v 27 Akka inni Israa'eloota gad lakkisuuf mooticha Gibxi'iititti worri dubbate isaanuma kana. \s1 Waaqi Muuse'ee fi Aaron Ajaje \p \v 28 Mootiin Waan Maraa lafa Gibxi'ii keessatti Muuse'etti yennaa dubbate, \v 29 «Ani Mootii Waan Maraa ti. Waan ani si'itti hime mara mooticha Gibxi'iititti himi» jedhe. \v 30 Muuseen ammoo deebisee «Ani nama akka dansaa dubbatiisa hin dandeenne akka te'e atinuu hin beetta; mootichi attamiin dubbii tiyya dhage'uu dande'a ree?» jedhe. \c 7 \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ani mooticha Gibxi'ii irratti akka Waaqaa si godheera; obboleessi keeti Aaron ammoo akka raagichaa te'ee addee teeti hin dubbata. \v 2 Ati waan ani si ajaje mara hin dubbatta; obboleessi keeti Aaron akka Israa'elooti biyya isaa keessaa baatuuf akka inni isaan gad lakkisu mootichatti hin hima. \v 3 Ani ammoo mooticha Gibxi'ii mataa hin jabeessa; bilbaasaa fi baasa hedduu biyya Gibxi'iititti tolchulle inni isin hin caqasu. \v 4 Achiin duuba ani adabbii jadduu Gibxi'itti fidee, muraa guddo'oon gumii tiyya kolbaa tiyya Israa'eloota lafa Gibxi'ii keessaa hin baasa. \v 5 Ani biyya Gibxi'ii adabee Israa'eloota achi keessaa yennaa baase, worri Gibxi'ii akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan» jedhe. \p \v 6 Muuse'ee fi Aaronille akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane. \v 7 Muuse'ee fi Aaron mootichatti yennaa dubbatanu, Muuseen nama woggaa saddeettamaa, Aaron ammoo nama woggaa saddeettamii sadii ti. \s1 Ulee Aaronii \p \v 8 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, \v 9 «Mootichi ‹Bilbaasa huja'a› yoo jedhe, ati Aaroniin ‹Ulee teeti fuudhiitii mooticha dura buusi› jedhi; uleen sunille bofa hin teeti» jedhe. \p \v 10 Maarre Muuse'ee fi Aaron gara mootichaa dhaqanee akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane. Aaron ulee ifii mootichaa fi qondaaltota isaa dura buuse; ulee sunille bofa teete. \v 11 Achiin duuba mootichi worra qaroole'ee fi worra xanoo xanu waame; isaanille ogummaa ifii ta dhossa'aatiin akkuma san godhane. \v 12 Tokko tokkoon isaaniituu ulee ifii lafa buusane; uleen sunille bofa teete. Uleen Aaronii ammoo ulee isaanii liqinsite. \v 13 Te'uu malee mootichi mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate. \s1 Balaa Tokkeesso'oo: Bisaan Dhiiga Te'e \p \v 14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Mootichi mataa jabaatee, kolbaan akka deentu gad lakkisuu dide. \v 15 Tanaaf, yennaa inni gara laga Nayilii gad bu'u, ganamaan gara isaa dhaqi. Ulee teeti ta bofa teete san qabadhuutii isa dhaggiisaaf, laga qarqaratti isa eegi. \v 16 Achiin duuba isaan, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Ibrootaa sitti na ergee: Kolbaan tiyya dhaxxee goomolee keessatti akka na waaqonfattu gad lakkisi! Si'iin jedheera. Ati ammoo haga ammaa dhage'uu didde. \v 17 Amma Mootiin Waan Maraa: Akka ani Mootii Waan Maraa te'e tanaan beetta si'iin jedheera. Kunoo ani ulee harkaa qabu tanaan bisaan Nayilii hin dhowa; bisaan sunille gara dhiigaatitti hin jijjiirama. \v 18 Qurxummiin laga Nayilii keessa jirtu hin dhumatti; lagi sun hin ajowa; worri Gibxi'iille bisaan san uniisa hin dande'anu› jedhiin» jedhe. \p \v 19 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Dhaqii Aaroniin, ‹Ulee teeti harkatti qabadhuutii, bisaan biyya Gibxi'ii lagoota, anguree, baleessa, eela mara irratti harka keeti diriirsi. Isaan gara dhiigaa hin jijjiiraman; bisaan lafa sanii marti, ka waabaa keessa jirulle gara dhiigaa hin jijjiirama› jedhi» jedhe. \p \v 20 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane. Aaron mootichaa fi qondaaltota isaa duratti ulee ifiitiin bisaan dhowe; bisaan laga Nayilii marti gara dhiigaa jijjiirame. \v 21 Qurxummiin laga Nayilii keessa jirtu marti dhumatte; lagille ajowee, worri Gibxi'ii bisaan laga sanii uniisa hin dandeenne. \v 22 Worri Gibxi'ii ka xanoo xanu, ogummaa ifii ta dhossa'aatiin akkuma san godhane; mootichi mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate. \v 23 Inni deebi'ee gara mana ifii deeme; waan te'e kana qalbi'itti hin qabanne. \v 24 Bisaan lagaa uniisa waan dadhabaneef, worri Gibxi'ii marti bisaan uni'ii dhaggatiisaaf, laga Nayilii qarqaratti boolla bisaanii qotatane. \v 25 Mootiin Waan Maraa bisaan laga Nayilii gara dhiigaa jijjiireen duuba guyyaan torba dabare. \c 8 \s1 Balaa Lammeesso'oo: Raachi Biyyatti Bu'e \p \v 1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gara mootichaa dhaqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Kolbaan tiyya akka na waaqonfattuuf gad lakkis! \v 2 Ati isaan gad lakkisuu yoo didde ammoo, ani raacha biyya teetitti buusiisaan hin adaba. \v 3 Lagi Nayilii raachaan akka malee hin guutama. Isaan achi keessaa bayanee gara mana mootumma'aa keetii, gara kolloo taqee teetii, gara taqee teetii, gara mana qondaaltota teetii, kolbaa teeti irratti, akkasuma addee ibiddaatii fi meya bukoo itti bukeessanu keeti keessalle hin guutan. \v 4 Raachi sun utaalee si'i irra, kolbaa keetii fi qondaaltota teeti mara irra hin bu'a jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 5 Achille'een duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Raachi dhufee lafa Gibxi'ii akka guutuuf, Aaron ulee ifii qabatee harka ifii laga, angure'ee fi baleessa mara irra akka diriirsu itti himi» jedhe. \p \v 6 Maarre Aaron bisaan biyya Gibxi'ii mara irratti harkaa ifii diriirse; raachille dhufee lafa san guute. \v 7 Worri xanoo xanulle ammoo ogummaa ifii ta dhossa'aatiin akkuma san godhane; isaanille raachi dhufee lafa san akka guutu godhane. \p \v 8 Mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Akka inni raacha kana balleessuuf, gara Mootii Waan Maraa naaf daadimadha'a; akka isaan dhaqanee, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessanu, anille kolbaa teessan gad hin lakkisa» jedheen. \p \v 9 Muuseelle deebisee Mootichaan, «Raachi kun si'i irraa, qondaaltotaa fi kolbaa teeti irraa akka badu guyyaa ani daadimadhu ati qabadhu. Achiin duuba raachi kun si'ii fi mana keeti keessaa badee laga Nayilii keessa qofatti hin hafa» jedhe. \p \v 10 Mootichille deebisee, «Boru naaf daadimadhu» jedheen. Muuseelle, «Ka akka Mootii Waan Maraa, Waaqa keennaa tokkolle akka hin jirre akka ati beettuuf, akkuma ati jette teetuu ti. \v 11 Raachi si'i irraa, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irraa badee, laga Nayilii keessa qofatti hin hafa» jedheen. \p \v 12 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron mooticha biraa gad bayanee, Mootiin Waan Maraa raacha mootichatti fide san akka balleessuuf, Muuseen gara Mootii Waan Maraa daadimate. \v 13 Mootiin Waan Maraa waan Muuseen daadimate san tolche; raachi sun manoota keessatti, badhinna dalleya keessaatii fi diida keessatti dhumate. \v 14 Worri Gibxi'ii raacha san wolitti qabanee tuulane; tanaaf latti ajootte. \v 15 Mootichi raachi akka irraa goome yennaa dhagge, mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate. \s1 Balaa Sadeesso'oo: bookee \p \v 16 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Bukuun biyya Gibxi'ii marti bookee akka teetuuf, ati Aaroniin, ‹Ulee teeti fuudhiitii, bukuu lafa irraa dhowi› jedhiin» jedhe. \v 17 Isaanille akkasuma godhane; Aaron harka ifii diriirsee ulee ifiitiin bukuu lafa irraa yennaa dhowe, namaa fi horii irratti bookeen buute; bukuun biyya Gibxi'ii marti gara booke'ee jijjiirante. \v 18 Bookeen namaa fi hori'itti duudde. Worri xanoo xanu ogummaa ifii ta dhossa'aatiin bookee buusiisaaf yennaa wodhaanane ammoo, hin dandeenne. \p \v 19 Worri xanoo xanu, mootichaan, «Kun hujii Waaqa ti!» jedhane. Mootichi ammoo mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate. \s1 Balaa Arfeesso'oo; Faacha \p \v 20 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, «Boru ganama bari'iin ka'iitii, yennaa mootichi laga deemu, isa dura dhaabbadhuutii, ‹Mootiin Waan Maraa: Kolbaan tiyya akka na waaqonfattuuf, gad lakkisi! \v 21 Ati kolbaa tiyya gad lakkisuu yoo didde ammoo, ani tuuta faachaa si'itti, qondaaltota teetii fi kolbaa teetitti hin buusa. Manni worra Gibxi'ii marti, addeen isaan jiranu marti faachaan hin guutaman. \p \v 22 « ‹Guyyaa san ammoo, akka ani, Mootiin Waan Maraa lafa tana keessa jiru akka ati beettuuf, lafa kolbaan tiyya keessa leetu Gooshen, akka faachi achi hin jiraanne hin tolcha. \v 23 Ani kolbaa tiyyaa fi kolbaa teeti oddu'utti garaagarummaa hin tolcha; bilbaasi kunille boru hin te'a jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 24 Mootiin Waan Maraa akkuma dubbate tolche. Tuuti faachaa Mana mootichaatii fi mana qondaaltota isaatitti bu'e; latti Gibxi'ii marti faachaan guutantee badde. \p \v 25 Achiin duuba mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Dhaqa'aatii biyyuma tana keessatti Waaqa keessaniif ciincaa dhikeessa'a» jedhe. \p \v 26 Muuseen ammoo deebisee «Ciincaan nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikeessinu, worra Gibxi'ii biratti diqatamaa waan te'uuf, tana godhuun sirri'ii moti. Ciincaa isaan duratti diqatamaa te'e, yoo dhikeessine dhaka'aan nu hin tumanuu? \v 27 Akkuma inni nu ajaje guyyaa sad goomolee keessa deennee, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf ciincaa dhikeessuu qanna» jedhe. \p \v 28 Mootichille, «Akka Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif goomolee keessatti ciincaa dhikeessitanu, ani gad isin hin lakkisa; garuu fagaattanee hin deemina'a. Anaafille daadimadha'a» jedhe. \p \v 29 Muuseelle deebisee, «Akkuma si biraa deemeen, Mootii Waan Maraa hin daadimadha. Faachi si'i, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irraa hin ka'a. Ati ammoo kolbaan dhaxxee, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisa dhooggitee ammalle nu hin sobin» jedhe. \p \v 30 Achiin duuba Muuseen mooticha biraa deemee, Mootii Waan Maraa daadimate. \v 31 Mootiin Waan Maraalle waan Muuseen daadimate tolche. Faachi tokkolle adoo hin hafin mooticha, qondaaltota isaatii fi kolbaa isaa irraa bade. \v 32 Mootichi ammoo yennaa tanalle mataa jabaatee, kolbaa gad lakkisuu didate. \c 9 \s1 Balaa Shaneesso'oo; Dhuma Hori'ii \p \v 1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gara mootichaa dhaqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Ibrootaa: Kolbaan tiyya dhaxxee akka na waaqonfattuuf gad lakkisi. \v 2 Ati ammalle akka isaan deemanu yoo gad lakkisuu dide, \v 3 ani horii keeti ka diida tikatu fardoolee teeti, harreelee teeti, gaalota keeti, hoolota teetii fi re'oota teeti irratti dhukkuba hamaa hin buusa. \v 4 Horii Israa'elootaatii fi horii worra Gibxi'ii wodhakka'atti garaagarummaa hin tolcha; horiin Israa'elootaa hin du'u jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa guyyaa murteessee, «Ani waan kana boru lafa tanatti hin fida» jedhe. \v 6 Guyyaa itti aanu Mootiin Waan Maraa akkuma jedhe godhe; horiin worra Gibxi'ii marti dhumatee, ka Israa'eloota ammoo tokkolle hin duune. \v 7 Mootichi akka ilaalanu namoota ergee, horiin Israa'elootaa tokkolle akka hin du'in hubate; te'uu malee mootichi mataa jabaatee kolbaa gad lakkisuu didate. \s1 Balaa Jayeesso'oo; Iita \p \v 8 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, «Badaa ibiddaa irraa daadhaa ooboo takkaa fuudha'aatii, Muuseen mooticha duratti qilleensa irratti ol qolaansuu ti. \v 9 Daadhaan sun lafa Gibxi'ii mara irratti bukuu te'ee, namaa fi horii irratti iita maloottu hin te'a» jedhe. \v 10 Isaanille bukuu fuudhanee fuula mootichaa dura dhaabbatane; Muuseelle daadhaa san qilleensa irratti ol qolaansee, kolba'aa fi horiin marti iitowane. \v 11 Worri xanoo xanuu fi worri Gibxi'ii marti waan iitowaneeranuuf, worri xanoo xanu Muusee dura dhaabbatiisa hin dandeenne \v 12 Mootiin Waan Mara ammoo mooticha mataa jabeessee, akkuma Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbate, mootichi Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate. \s1 Balaa Torbeesso'oo; bokkeya dhaka'aa \p \v 13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Boru ganama bari'iin ka'iitii, mooticha dura dhikaadhuutii, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Ibrootaa: Kolbaan tiyya akka na waaqonfattuuf gad lakkisi. \v 14 Yoo gad lakkisuu didde, biyya lafaa mara irra ka akka kiyyaa tokkolle akka hin jirre, akka ati beettuuf ani amma si irratti, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irratti balaa hamaa hin fida. \v 15 Ani akka harka kiyya ol fudhadhetti si'ii fi kolbaa teeti adoo dhowee jiraadhee, silaa ati lafa irraa ijjumaa baddeerta. \v 16 Te'uu malee hunna tiyya si'itti mudhisiisaa fi maqaan kiyya biyya mara irratti akka beekkamuuf, ani si lakkise. \v 17 Ati ammoo haga ammaa ol ifi qaddee kolbaan tiyya akka deentu gad lakkisuu didde. \v 18 Tanaaf, boru yennaa akkanaa tana bokkeya dhaka'aa hamaa ka dabarsii biyya Gibxi'ii keessatti bu'ee hin beenne, hin buusa. \v 19 Bokkeenni dhaka'aa hori'ii fi nama gara manaa hin galin waan ala jiru mara waan ijjeesuuf, ati amma horii keetii fi waan ala jiru mara manatti akka galchanu ajaji jedha› jedhiin» jedhe. \v 20 Qondaaltoti mootichaa worri jecha Mootii Waan Maraa sodaate, garboolee ifiitii fi horii ifii manatti galfatiisaaf ariifate. \v 21 Worri gariin ka jecha Mootii Waan Maraa tuffate, garboolee ifiitii fi horii ifii alatti lakkise. \p \v 22 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Lafa Gibxi'ii mara irratti, namaa fi horii irratti, waan lafa Gibxi'ii irratti latu mara irratti bokkeenni dhaka'aa akka bu'u harka keeti gara gubba'aa ol kaasi» jedhe. \v 23 Yennaa Muuseen ulee ifii gara gubba'aa ol kaase, Mootiin Waan Maraa mandiisu'uu fi bokkeya dhaka'aa buusee balaqqeettiille balaqqitte. Maarre Mootiin Waan Maraa bokkeya dhaka'aa lafa Gibxi'ii irratti roobisiise \v 24 Bokkeenni dhaka'aa hamaan bu'e; balaqqeettiin balaqqitte. Haga Gibxi biyya teeteen jalqaddee bubbeen bokkeyaa ta teetee hin beenne teete. \v 25 Bokkeenni dhaka'aa kun biyya Gibxii keessatti namaa fi horii alatti hafane mara dhowe. Waan diida keessatti lateeru mara dhowee, mukoota mara caccasse. \v 26 Addee worri Israa'elootaa le'anu lafa Gooshenii qofatti, bokkeenni dhaka'aa hin buune. \p \v 27 Achiin duuba Mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Ani amma yakkeera. Mootiin Waan Maraa balcha'a. Ani fi kolbaa tiyya ammoo yakkineerra. \v 28 Bokkeenni dhaka'aatii fi mandiisuun waan nutti bacatteef, Mootii Waan Maraa nu'uuf daadimadha'a. Anille gad isin hin lakkisa. Haganaa achi as hin turtanu» jedhe. \p \v 29 Muuseen deebisee, «Ani qachaa keessaa yennaa baye, harka kiyya gara Mootii Waan Maraa ol kaasee hin daadimadha. Latti tun ta Mootii Waan Maraa akka teete akka ati beettuuf, mandiisuun hin dhaabbatti. Bokkeenni dhaka'aalle haganaa achi hin jiraatu. \v 30 Garuu ati fi qondaaltoti teeti Mootii Waan Maraa Waaqa akka hin sodaanne ani hin beeka» jedhe. \p \v 31 Yennaa san talbaan daraaree garbuun ammoo shawwee waan te'eef, talba'aa fi garbuulle bokkeya dhaka'aatiin badane. \v 32 Qamadi'ii fi ajjaan ammoo duuba irra waan bilchaatanuuf hin banne. \p \v 33 Achiin duuba Muuseen mooticha biraa deemee, qachaa keessaa bayee, daadimatiisaaf, harka ifii gara Mootii Waan Maraa ol kaase. Mandiisu'uu fi bokkeenni dhaka'aa dhaabbatee, bokkeennille roobiisaa lakkise. \v 34 Mootichi mandiisuun, bokkeenni dhaka'aatii fi bokkeenni akka dhaabbate yennaa dhagge, ammalle yakkaa huje. Innii fi qondaaltoti isaa mataa jabaatane. \v 35 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbate, mootichi mataa jabaatee, Israa'elooti akka deemanu gad lakkisuu didate. \c 10 \s1 Balaa Saddeetesso'oo; Awwaannisa \p \v 1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati gara mootichaa dhaqi. Ani bilbaasota kiyya kana odduu isaaniititti tolchiisaaf, mootichaa fi qondaaltota isaa mataa jabeesseera. \v 2 Ati ammoo waan ani worra Gibxi'ii irratti tolche, bilbaasota ani isaan oddu'utti huje kana, dabarsitee ilmaan teetii fi ilmaan ilmaan teetiititti hin hinta. Isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e tanaan hin beettan» jedhe. \p \v 3 Maarre Muuse'ee fi Aaron gara mootichaa dhaqanee, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Ibrootaa, ‹Ati haga yoomii naaf ajajamuu didda? Kolbaan tiyya deentee akka na waaqonfattuuf gad lakkisi. \v 4 Ati kolbaa tiyya yoo gad lakkisuu didde, ani boru tuuta awwaannisaa biyya teetitti hin fida. \v 5 Awwaannisi sun haga latti mudhatiisa dhaddutti lafa hin golla. Waan diqqoo bokkeya dhaka'aa irraa hafe, muka diida keessatti quunxiisatti jirulle mara hin nyaata. \v 6 Mana keeti keessa, mana qondaaltota teetiitii fi mana worra Gibxootaa mara keessa hin guuta. Abbootiin teetii fi abbootiin abbootii teetii, lafa tanatti haga qubataneen jalqabanee haga adhaa, waan kana ijjumaa dhagganee hin beekanu› jedha» jedhane. Achiin duuba Muuseen mooticha biraa bayee deeme. \p \v 7 Qondaaltoti mootichaalle, mootichaan, «Haga yoomii namichi kun tiyyoo nu'utti te'a? Kolbaan tun deentee Mootii Waan Maraa Waaqa ifii akka waaqonfattuuf gad lakkisi; ati worri Gibxi'ii akka badane haga ammaa hin hubannee?» jedhaneen. \p \v 8 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron waamamanee gara mootichaa deebi'anee dhufane; inni isaaniin, «Dhaqa'aatii, Mootii Waan Maraa, Waaqa keessan waaqonfadha'a! Garuu worri dhaqu kun eennu fa'a?» jedhe. \p \v 9 Muuseelle deebisee, «Tun jila Mootii Waan Maraatiif jilifannu waan teeteef, nuuti ijoolle'ee fi jaarsolee teenna, ilmaanii fi ijoollee durraa teenna, hoole'ee fi re'ee teenna, loon keennalle fudhannee hin deenna» jedhe. \v 10 Mootichille, «Isin dubartootaa fi ijoollee teessan fudhattanee akka deentanu, ani yoo gad isin lakkise, Mootiin Waan Maraa isin woliin jiraatuu ti; isin garuu waan hantuu yaadattaneertan. \v 11 Waawwo'o! Ka isin gaafattane kanuma waan te'eef, worri dhiiraa callaan deemee Mootii Waan Maraa waaqonfatuu ti» jedhe. Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron mooticha biraa ari'amane. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Awwaannisi biyya Gibxi'ii irratti dhufee, waan bokkeya dhaka'aa irraa hafe maraa fi waan diida keessatti quunxiisatti jiru mara akka nyaatu harka keeti biyya Gibxi'ii irratti ol diriirsi!» jedhe. \v 13 Maarre Muuseen ulee ifii biyya Gibxi'ii irratti ol kaasee, guyya'aa fi halkan san Mootiin Waan Maraa qilleensi gara aduun baatuu lafa san irratti akka dhufu godhe; boruyyaa ganama qilleensi awwaannisa fide. \v 14 Awwaannisi sun bacatee dhufee, lafa Gibxi'ii maratti tuute\f + \fr 10:14 \fr*\fqa Tuute: \fqa*\ft Yookiin heechat.\ft*\f*. Balaan awwaannisaa ka akkasii tanaan qara ijjumaa mudhatee hin beeku; gara duraalle hin jiraatu. \v 15 Haga gurraachottutti awwaannisi sun lafa gollee, waan bokkeya dhaka'aa irraa hafe mara, waan diida keessatti quunxiisatti jiru maraa fi midhaan muka irraa mara nyaate. Lafa Gibxi'ii mara irratti wonni magariis tokkolle hin hanne. \v 16 Mootichille Muuse'ee fi Aaron ariiti'iin waansisee, isaaniin, «Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii fi isin irralle'etti cubbuu hujeera. \v 17 Amma yennaa tokko qofa cubbuu tiyya naaf araarama'a; balaa hamaa kana akka na irraa balleessuuf, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii naa daadimadha'a» jedhe. \p \v 18 Muuse'ee fi Aaronille mooticha biraa deemanee gara Mootii Waan Maraa daadimatane. \v 19 Mootiin Waan Maraa qilleensa gara qilleensa jabaa gara aduun seentuutitti jijjiiree, qilleensi sun Awwaannisa san oofee abbaayaa diintu'utti\f + \fr 10:19 \fr*\fqa Abbaayaa diintuu: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin abbaayaa allaadu'uu \ft*\ft jedhama.\ft*\f* naqe. Biyya Gibxi'ii keessatti awwaannisi tokkolle hin hanne. \v 20 Mootiin Waan Maraa ammoo mooticha mataa jabeessee, mootichi akka deemanuuf Israa'eloota gad lakkisuu didate. \s1 Balaa Sagaleesso'oo; Dukkana \p \v 21 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Dukkanti dimmi biyya Gibxi'iititti akka buutu, harka keeti gara gubba'aa ol kaasi» jedhe. \v 22 Maarre Muuseen harka ifii gara gubba'aa ol kaasee, haga guyyaa sadii dukkanti dimmi biyya Gibxi'ii irratti buute. \v 23 Haga guyyaa sadii san nami tokkolle wol dhagguu hin dandeenne yookiin addee jiranu sanii hin kaane. Te'uu malee, latti Israa'elooti leetu marti ifa qaddiiyyu. \p \v 24 Achiin duuba Mootichi Muusee waamee, «Dhaqa'aatii Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a; dubartooti teessanii fi ijoolleen teessanille isin woliin dhaqanuu ti; hooleen, re'e'ee fi horiin keessan ammoo asitti hafanuu ti» jedhe. \p \v 25 Muuseen ammoo deebisee, «Ciinca'aa fi kennansa gubamu ka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikeessinu ati nu'uuf kenni ree. \v 26 Horiin keenna marti nu woliin dhaquu qaba; qenci tokkolle asitti hin hafu. Mootii Waan Maraa Waaqa kennaaf ka dhikeessinu isaan keessaa filanna; haga achi geennutti Mootii Waan Maraatiif ka dhikeessinu hin beennu» jedhe. \v 27 Mootiin Waan Maraa mooticha mataa jabeessee, mootichi akka isaan deemanu hin feene. \v 28 Mootichi Muuse'een, «Fuula kiyya duraa bayi! Deebitee fuula kiyya duratti akka hin mudhanne beekkadhu! Guyyaa fuula kiyya dhaggite, ati hin duuta!» jedhe. \p \v 29 Muuseelle deebisee, «Akkuma ati jette, ani deebi'ee fuula keeti duratti hin mudhadhu!» jedheen. \c 11 \s1 Balaa Kudhaneesso'oo; Duuti Angafootaa Himante \p \v 1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ani amma balaa tokko callaa mooticha Gibxi'iitii fi kolbaa isaa irratti hin fida; saniin duuba mootichi akka isin asii deentanu gad isin hin lakkisa; nami tokkolle adoo hin hafin isin maraayyuu hin ari'a. \v 2 Kolbaan Israa'elii marti ollaa ifii irraa meya meeti'iitii fi worqi'ii gaafatanee akka fudhatanu itti himi» jedhe. \v 3 Mootiin Waan Maraa worri Gibxi'ii akka Israa'eloota ulfeessanu godhe. Muuseelle biyya Gibxi'iititti, qondaaltota mootichaatii fi fuula kolba'aa mara duratti nama ulfinnaa te'e. \p \v 4 Maarre Muuseen mootichaan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Halkan wodhakkaa ani lafa Gibxi'ii mara keessa hin deddeema; \v 5 ilmaan angafooti Gibxi keessaa marti hin du'an; ilma angaficha mooticha barcumaa mootumma'aa irra tee'uun jalqabee haga ilmaan angafoota dubartoota garboolee daakuu daattuutitti, angafooti hori'iille martinuu hin du'an. \v 6 Biyya Gibxi'ii mara keessatti, iyyi wiiccifataa ka kanaan qara te'ee hin beenne yookiin ka gara duraalle hin teene hin te'a. \v 7 Namaa fi horii Israa'elootaatitti ammoo sareelle itti hin duttu; worra Israa'elootaatii fi worra Gibxi'ii oddu'utti Mootiin Waan Maraa garaagarummaa akka godhe kanaan hin beettan› jedheera» jedhe. \v 8 Muuseen, «Qondaaltoti teeti tun marti gara kiyya dhufanee, na duratti gad jedhanee, ‹Atii fi kolbaan si gula deentu martinuu deema'a!› jedhanee na hin kadhatan; saniin duuba ani hin deema» jedhe. Achiin duuba Muuseen aarii jaddu'uun mooticha biraa bayee deeme. \p \v 9 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Bilbaasi kiyya biyya Gibxi'ii irratti akka bacatuuf, mootichi isin dhage'uu hin didata» jedheeraayyu. \v 10 Muuse'ee fi Aaronille fuula mootichaa duratti bilbaasota kana mara godhane; Mootiin Waan Maraa ammoo mooticha mataa waan jabeesseef, mootichi Israa'elooti biyya isaa keessaa akka bayanu gad hin lakkinne. \c 12 \s1 Seera Jila Irra Dabaramaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessatti Muuse'ee fi Aaroniin, \v 2 «Jiin kun ji'a qaraa, ji'a jalqaba wogga'aa isiniif te'uu ti. \v 3 Ji'a kana guyyaa kudhaneesso'ootitti, nami tokko tokkooyyuu maatii ifiitiif, buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee tokko akka qopheessu wolde'a Israa'eliititti himi. \v 4 Maatiin takka buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee san nyaatanee fixiisaaf laakkossi isaanii yoo diqqaate, nami sun ollaa ifii woliin akkuma laakkossa namoota maatii saniititti qoodamanuu ti; haga nami tokko nyaatuu dande'u shallaganee qoodamanuu ti. \v 5 Buruusoon sun korbeeyyii woggaa tokkoo ta fafa hin qanne te'anuu ti; isaan kana hoolee yookiin re'ee keessaa filadha'a. \v 6 Buruusoo san ji'a san keessa haga guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti tissitanee, guyyaa kudhanii arfeesso'oo galgala dimimmisa kolbaan Israa'elii marti qalattuu ti. \v 7 Achiin duuba isaan dhiiga diqqaa isaa fuudhanee, mana foon itti nyaatanu san mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu, mikikkila balbalaa ka gubba'aalle dibanuu ti. \v 8 Halkanuma san foon san ibiddatti woddanee baala hadhowuu fi daabboo uukoo hin qanne woliin nyaatanuu ti. \v 9 Foon dheedhii yookiin foon iffeelame hin nyaatina'a; mataa, manye'ee fi meya gadha'aa woliin ibiddatti wodda'aatii nyaadha'a. \v 10 Foon san irraa tokkolle haga bari'iititti hin hamburina'a; yoo hafe ibiddaan guba'a. \v 11 Jila irra dabaramaa ta ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattanu waan teeteef, yennaa nyaattanu, akka nama karaa deemiisaaf qophowee, woyaa uffadha'aa, kophee keyadha'aa, ulee teessan harkatti qabadha'aatii ariiti'iin nyaadha'a. \p \v 12 «Halkanuma san ani biyya Gibxi'ii keessa deddeemee, waan angafa te'e mara, ka namaatii fi ka hori'iille hin ijjeesa; waaqota biyya Gibxi'ii mara irratti hin mura. Ani Mootii Waan Maraa ti. \v 13 Mana isin keessa jirtanu irratti dhiigi beessisa isiniif hin te'a; ani yennaa dhiiga san dhagge, isin irra hin dabara; Yennaa biyyaa Gibxi'iititti balaa buusu, isin irratti balaan tokkolle hin bu'u. \p \v 14 «Guyyaan kun guyyaa yaadanno'oo isiniif te'uu ti. Dhaloota dhufuufille seerata bara baraa te'ee, ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattan. \p \v 15 «Guyyaa jila tanaa guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a; guyyaa jalqabaatii haga guyyaa torbeesso'oo nami daabboo uukoo qaddu nyaate Israa'el keessaa waan bawuuf, guyyaa tokkeesso'oo daabboo uukoo qaddu mana keessan keessaa balleessa'a. \v 16 Guyyaa tokkeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a. Guyyoota kana nami marti waan nyaatu qopheeffatuutii malee, hujii tokkolle hin hujina'a. \p \v 17 «Ani guyyaa kanatti kolbaa tiyya biyya Gibxi'ii keessaa waan baaseef, jila daabboo uukoo hin qannee jilifadha'a; guyyaa kana dhaloota dhufuufille seerata bara baraa godhadha'aatii eegadha'a. \v 18 Ji'a jalqabaa, guyyaa kudhanii arfeesso'oo galgala irraa jalqaddanee haga guyyaa diddamii tokkeesso'oo galgalaatitti daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a. \v 19 Haga guyyaa torbaa uukoon ijjumaa mana keessan keessatti hin dhaggamin; alagaa yookiin dhalataa biyyaalle yoo te'e, nami waan uukoo qabu nyaate kolbaa Israa'elii keessaa bayuu qaba. \v 20 Addee jirtanu maratti daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a malee, waan uukoo qabu hin nyaatina'a» jedhe. \s1 Jila Irra Dabaramaa Ta Jalqabaa \p \v 21 Achiin duuba Muuseen jaarsolee Israa'elootaa mara waamee, «Ariifadha'aa dhaqa'aatii akka maatii maatii keessaniititti buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee filadha'aatii, Jila Irra Dabaramaatiif qaladha'a. \v 22 Baala muka hisoophii qabaa tokko fuudha'aatii, dhiiga qorii keessaatitti cuupha'aatii, mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu, mikikkila balbalaa ka gubba'aalle diba'a; haga ganamaatitti nami tokkolle mana ifiitii gad hin bayin. \v 23 Mootiin Waan Maraa balaa buusiisaaf, biyya Gibxi'ii keessa yennaa deddeemu, mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu irratti, mikikkila balbalaa ka gubba'aa irralle'etti dhiiga dhaggee, balbala san irra hin dabara. Ka balleessu sun mana keessan seenee akka isin ijjeesu itti hin lakkisu. \v 24 Isinii fi sanyiin teessan seerata haga bara baraa ka isiniif kenname kanaaf ajajamuu qaddan. \v 25 Lafa Mootiin Waan Maraa isinii kenniisaaf waadaa gale sanitti yennaa galtane seerata kana eegadha'a. \v 26 Ijoolleen teessan, ‹Jilti tun ta maanii ti inni?› jettee yennaa isin gaafattu, \v 27 isin ammoo, ‹Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii irratti balaa yennaa buuse, biyya Gibxi'ii keessatti mana Israa'elootaa irra dabaree, qe'ee teenna waan hambureef, ciincaa Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa ti› jedha'aan» jedhe. Achiin duuba kolbaan gad jettee sagadde. \v 28 Israa'elootille waan Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaron ajaje mara goote. \s1 Balaa Kudhaneesso'oo; Du'a Angafootaa \p \v 29 Halkan wodhakkaa Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessatti angafa te'anee ka dhalatane mara, ilma angaficha mooticha barcumaa mootummaa irra tee'uutii jalqabee, haga angafoota worra mana hidha'aa ka boollaa keessa jiruutii fi angafoota hori'ii mara ijjeese. \v 30 Halkan san mootichi, qondaaltoti isaatii fi worri biyya Gibxi'ii marti hirriibaa ka'ane; manni nami keessaa hin du'in tokkolle waan hin jirreef, biyya Gibxi'ii keessatti iyyi wiiccifataa te'e \v 31 Halkanuma san mootichi Muuse'ee fi Aaron waansisee, «Ka'a'a! Isinii fi Israa'elooti kolbaa tiyya keessaa baya'a! Akkuma jettane dhaqa'aatii Mootii Waan Maraa keessan waaqonfadha'a. \v 32 Akkuma jettane hoolee, re'e'ee fi loon keessan fudhadha'aatii deema'a. Analle eebbisa'a» jedhe. \p \v 33 Worri Gibxi'ii, «Nuuti martinuu hin dhumanna» waan jedhaneef, akka Israa'elooti biyya isaanii keessaa ariifatanee bayanu muddane. \v 34 Tanaaf Israa'elooti bukoo ifii uukoo adoo itti hin naqin meya bukoo itti bukeessanutti naqanee, woya'aan maranee, fuudhanee gurmu'utti kaafatane. \v 35 Israa'elooti akkuma Muuseen isaanitti hime, meya meeti'ii, meya worqi'iitii fi woyaa akka isaanii kennanu, worra Gibxi'ii gaafatane. \v 36 Mootiin Waan Maraalle worri Gibxi'ii Israa'eloota akka ulfeessanu waan godheef, waan isaan gaafatane mara isaaniif kennane; tanaaf Israa'elooti worra Gibxi'ii irraa qabeenna isaanii guuratanee bayane. \s1 Israa'elooti Gibxi Keessaa Bayane \p \v 37 Israa'elooti Raamsesii ka'anee haga Suukootii deemane; isaan dubartootaa fi ijoollee malee\f + \fr 12:37 \fr*\fqa Dubartootaa fi ijoollee malee: \fqa*\ft Ijoolle'ee fi dubartiin adoo hin laakkowamin jechu'u.\ft*\f*nama kuma dhibba jaa. \v 38 Worri Israa'eloota hin te'in kolbaan hedduun, hooleen, re'e'ee fi loon baca'atti isaan woliin baye. \v 39 Isaan bukoo biyya Gibxi'iitii fudhatanee bayane saniin daabboo uukoo hin qanne bilcheeffatane; yennaa Gibxi keessaa bayanu ariiti'iin waan bayaneef, bukoo isaanii keessa uukoon hin jirtu; ideensa kara'aatiif galaa qopheeffatiisaafille yennaa dhabane. \p \v 40 Israa'elooti woggaa dhibba afurii fi soddoma biyya Gibxi'ii keessa le'ane. \v 41 Dhuma woggaa dhibba afurii fi soddomaa sanitti, kolbaan Mootii Waan Maraa marti biyya Gibxi'ii keessaa baate. \v 42 Mootiin Waan Maraa halkan biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase san waan isaan eegeef, halkan sun dhaloota Israa'elootaa mara keessatti ulfinna Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf, Israa'elooti marti eeddoo irra buluu qaban. \s1 Jilti Irra Dabaramaa Attam Akka Jilifantu \p \v 43 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, «Kun seerata Jila Irra Dabaramaa ti; nami ormaa sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaatin; \v 44 garbichi bitattane garuu haqanqabaa isa qaddaneen duuba nyaatuu dande'a. \v 45 Nami keessumma'aa yookiin tajaajilaan qaxarame ammoo nyaatuu hin dande'u. \p \v 46 «Sagalee san mana tokko keessatti nyaadha'a malee, foon san irraa tokkolle mana keessaa gad hin bayin; lafee foon sanii hin cassina'a. \p \v 47 «Kolbaan Israa'elii marti jila tana jilifatuu qaban; \v 48 Alagaan isin woliin le'u, jila Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattanu tana ka jilifatiisaaf barbaade, ilmaan isaa marti haqanqabaa qabatuu qaban; achiin duuba akka dhalataa biyyaa te'ee jila tanatti hirmaatuu ti. Nami haqanqabaa hin qabatin ammoo sagalee jila sanii hin nyaatin. \v 49 Seerri kun isinii fi alagaa isin woliin le'uufille tokkochuma te'uu ti» jedhe. \p \v 50 Israa'elooti marti waan Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaron ajaje mara godhane. \v 51 Mootiin Waan Maraa guyyuma san gumii kolbaa Israa'elii mara biyya Gibxi'ii keessaa baase. \c 13 \s1 Angafoota Waaqaaf Adda Baasuu \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Waan angafa te'ee dhalate mara naaf adda baasi. Israa'eloota keessatti ka gadaamessa saaqe, ka namaatii fi ka hori'iille kiyya te'uu ti» jedhe. \p \v 3 Achiin duuba Muuseen kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa, irree jaddu'uun achi keessaa waan isin baaseef, lafa garbumma'aa, biyya Gibxi'ii keessaa guyyaa baatane kana qaabadha'a. Guyyaa kana waan uukoo qabu hin nyaatina'a. \v 4 Guyyaa adhaa, ji'a ‹Abiib› jedhamu keessa biyya Gibxi'ii keessaa bayaartan. \v 5 Mootiin Waan Maraa lafa aananii fi dammaa ta inni isinii kenniisaaf, abbootii teessan ta duriitiif waadaa gale lafa kana'aanotaa, lafa Heetotaa, lafa Amoorotaa, lafa Hiiwotaatii fi lafa Yibusootaa sanitti yennaa galtane, ji'a kana keessa jila tana jilifattan. \v 6 Guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaattanee, guyyaa torbeesso'oo ulfinna Mootii Waan Maraatiif jila jilifattan. \v 7 Guyyaa torbaan kana daabboo uukoo hin qanne nyaattan; daabboon uukoo qaddu adaala lafa teessanii keessa eessalle hin jiraatin. \v 8 Guyyaa san isin, ‹Kun yennaa nuuti biyya Gibxi'ii keessaa baane waan Mootiin Waan Maraa nu'uuf godhe› jettanee ilmaan teessanitti hintan. \v 9 Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa waan isin baaseef, seerri Mootii Waan Maraa afaan keessanii akka hin buune, akka beessisa harka keessan irraatii fi akka yaadannoo adda keessan irraa isinii hin te'a. \v 10 Seera jila tanaa eegadha'aatii guyyaa isaaf murteeffame sanitti wogguma wogga'aan jilifadha'a. \s1 Seera Angafootaa \p \v 11 «Mootiin Waan Maraa akkuma isinii fi abbootii teessan ta duriitiif waadaa gale lafa Kana'aanotaa sanitti isin galchee, yennaa isiniif kenne, \v 12 ilmaan angafoota gadaamessa haadhaa saaqane mara, horii keessalle'ee kormaa fi korbeessa ka matooma dhalate Mootii Waan Maraatiif kenna'a. \v 13 Harree wodala ka matooma dhalate mara ammoo buruusoo korbeessa hoole'eetiin wodadha'a; yoo wodatiisa dhaddane morma isaa cassa'a. Ilmaan teessan ta angafa dhalatte mara wodadha'a. \p \v 14 «Hegeri ilmi keeti, ‹Wonni ati tolchitu kun maan› jedhee yoo si gaafate, tokko tokkoon keessan, ‹Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin lafa garbumma'aa biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. \v 15 Mootichi biyya Gibxi'ii mataa jabaatee yennaa gad nu lakkisuu dide, Mootiin Waan maraa ammoo, waan angafa te'ee biyya Gibxi'ii keessatti dhalate, ka namaatii fi ka hori'ii mara ijjeese. Tanaaf horii keessaa angafa te'ee ka dhalate, kormaa fi korbeessa mara Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessinee, ilmaan angafoota ammoo wodanna› jedha'aa itti hima'a. \v 16 Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa waan nu baaseef, akka beessisa harka keeti irraatii fi akka yaadannoo adda keeti irraa si'iif hin te'a jedhiin» jedhe. \s1 Utubaa Duumensaatii Fi Utubaa Ibiddaa \p \v 17 Mootichi biyya Gibxi'ii kolbaan akka deentuuf yennaa gad lakkise, Waaqi, «Lolli yoo isaanitti ka'e kolbaan tun yaada ifii jijjiirattee, gara biyya Gibxi'ii deebiti» jedhee waan yaadeef, karaa lafa Filisxeemotaatiin isaan hin sooressine. \v 18 Tanaaf Waaqi akka kolbaan karaa lafa goomole'ee keessa dabartee gara abbaayaa diintu'uu geessu irra martee akka ideentu godhe. Israa'elootille lolaaf qophowanee, biyya Gibxi'ii keessaa bayane. \p \v 19 Yoseef, «Waaqi dhugumaan isin hin yaadata; achiin duuba isin lafee tiyya fuudha'aa asii baya'a» jedhee Israa'eloota waan kakachiiseeruuf, Muuseen lafee Yoseefii fuudhee baye. \p \v 20 Israa'elooti Suukootii ka'anee, irga goomolee Etaamiititti qubatane. \v 21 Akka isaan halkanii fi guyyaa deemuu dande'anu, Mootiin Waan Maraa guyyaa utubaa duumensaatiin isaan sooressaa, halkan utubaa ibiddaatiin ifa isaaniif issaa isaaniin dura deeme. \v 22 Guyyaa utubaan duumensaa, halkan utubaan ibiddaa kolbaa duraa yennaan dhabame hin jiru. \c 14 \s1 Abbaayaa Diintuu Qaxxaamurane \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Israa'elooti deebi'anee Phiihahiirot bira, wodhakkaa Miigdoliitii fi abbaayaa diintu'uu\f + \fr 14:2 \fr*\fqa Abbaayaa diintuu: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin abbaayaa allaadu'uu \ft*\ft jedhama\ft*\f*, fuullee Ba'aal-Zefonii qarqara abbaaya'aa akka qubatanu itti himi. \v 3 Mootichi Gibxi'ii, ‹Goomoleen karaa wollaalchittee, Israa'elooti joonjanee lafa keessa maran› jedhee hin herrega. \v 4 Ani mataa isaa waan jabeessuuf, inni isaan hin hordofa; ani ammoo mootichaa fi loltoota isaa mara irratti ulfinna hin dhaggadha; worri Gibxi'iille akka ani Waaqa te'e kanaan beekan» jedhe. Israa'elootille akkuma isaanitti himame godhane. \p \v 5 Kolbaan akka baqattee baate mooticha Gibxi'iititti yennaa himane, innii fi qondaaltoti isaa yaada jijjiiratanee, «Kolbaan Israa'elii nu'uuf hujiisa lakkisanee akka deemanu tolchuun keenna kun maan?» jedhane. \v 6 Maarre mootichi garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu fi loltoota ifii qopheeffate. \v 7 Inni garreettaa fardaan harkifamu ka filame dhibba jaa, garreettaa fardaan harkifamu ka worra Gibxi'ii ka dhibiille ajajjoota isaanii woliin fudhatee ka'e. \v 8 Mootiin Waan Maraa mooticha mataa jabeessee, Israa'eloota irree jaddu'uun bayiisatti jiranu hordofe. \v 9 Worri Gibxi'ii, abbootiin fardaa ta mootichaatii fi garreettaan fardaan harkifamu ka mootichaa, abbootiin fardaa ta dhibi'ii fi loltooti miilaa isaan hordofanee, fuullee Ba'aal-Zefonii abbaayaa diintuu qarqara, Phiihahiirot bira qubataneeranuun isaan dhaqqabane. \p \v 10 Mootichii fi loltooti isaa isaan hordofanee akka itti dhikaatane dhagganee, Israa'elooti guddoo sodaatanee gara Mootii Waan Maraa iyyane. \v 11 Isaan Muuse'een, «Biyya Gibxi'ii keessa addeen awwaalaa waan hin jirreef goomolee keessatti akka dhumannuuf as nu fiddee? Biyyaa Gibxi'ii keessaa nu baattee wonni ati nu tolchite kun maan? \v 12 Nuuti biyya Gibxi'ii keessatti, ‹Goomolee keessatti du'iisaa manna, worra Gibxi'iitiif garboota teenee akka tajaajillu, nu lakkisi› ta si'iin jenne tanaafii motii?» jedhane. \p \v 13 Muuseelle deebisee, «Worra Gibxi'ii ka adha dhaggitanu kana deebitanee lammeessoo waan hin dhaggineef, hin sodaatina'a; jabaadha'aatii dhaabbadha'a; adha Mootiin Waan Maraa isin baasiisaaf, waan inni tolchu ilaala'a. \v 14 Mootiin Waan Maraa isiniif waan loluuf itita'a» jedhe. \p \v 15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Isin maaf gara kiyya iyyitan? Isaan gara duraa akka deemanu Israa'elootatti himi. \v 16 Ati ammoo ulee teeti fudhadhuutii, harka keeti abbaayaa irra diriirsi; akka Israa'elooti abbaayaa keessa lafa godduu irra gamatti bu'anu, bisaan gargar kuti. \v 17 Gibxooti akka Israa'eloota gula seenanu ani gadhaa isaanii hin jabeessa. Ani mootichaa fi loltoota isaa mara irratti, garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaa irratti ulfinna hin dhaggadha. \v 18 Yennaa ani mooticha irratti, garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaa irratti ulfinna dhaggadhe, worri Gibxi'ii akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan» jedhe. \p \v 19 Ergamaan waaqaa ka Israa'elootaan dura deemaa ture, duubatti dabaree isaaniin duuba deeme; utubaan duumensaalle duubatti dabaree dhaabbatee, \v 20 worra Gibxi'iitii fi Israa'eloota odduu seenee, halkan san duudii mogguu Israa'elootaatitti ifa kennee, mogguu Gibxootaa ammoo dukkaneesse. \p \v 21 Muuseelle harka ifii abbaayaa irra diriirse; Mootiin Waan Maraa ammoo halkan guutuu qilleensa jabaa gara aduun baatuu kaasee abbaayaa gara duubaa deebisee, bisaan gargar kutee, lafa godduu tolche. \v 22 Israa'elootille bisaan middaa fi bitaa isaaniititti akka dalleya dhaka'aa te'ee dhaabbateeruun lafa godduu irra abbaayaa keessa qaxxaamurane. \p \v 23 Worri Gibxi'iille fardoolee mootichaatiin, garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa maraan isaan ari'anee, isaan gula abbaayaa odduu seenane. \v 24 Yennaa latti bariite Mootiin Waan Maraa utubaa ibiddaatii fi duumensa keessaa loltoota worra Gibxi'ii gad ilaalee, akka isaan gara itti goranu wollaalanu godhe. \v 25 Korboo garreettaa fardaan harkifamu ka isaanii akka dhaabbattu godhe. Worri Gibxi'iille, «Mootiin Waan Maraa isaaniif jedhee, nu worra Gibxi'ii loliisatti waan jiruuf, kowa'a Israa'eloota duraa baqanna» jedhane. \p \v 26 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Bisaan worra Gibxi'ii irra, garreettaa isaanii ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaanii irra akka garagaluuf, harka keeti abbaayaarra diriirsi» jedhe. \v 27 Muuseelle harka ifii abbaayaarra diriirse; abbaayaalle ganama addee ifiititti deebite. Worri Gibxi'ii isii duraa gara duubaa baqate. Mootiin Waan Maraa akka isaan abbaayaa keessatti hafanu godhe. \v 28 Bisaan sun adde'etti deebi'ee garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa, loltoota mootichaa mara worra Israa'eloota gula gara abbaaya'aa seenane mara liqinse; isaan keessaa nami tokkolle hin hanne. \v 29 Israa'elooti ammoo bisaan middaa fi bitaa isaaniititti akka dalleya dhaka'aa te'ee dhaabbateeruun lafa godduu irra abbaayaa keessa qaxxaamurane. \p \v 30 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa Israa'eloota harka worra Gibxi'ii jalaa baase; Israa'elootille reeffa worra Gibxi'ii ka abbaayaa qarqara ciisu dhaggane. \v 31 Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin worra Gibxi'ii irratti waan huje yennaa dhaggane, Israa'elooti Mootii Waan Maraa sodaatanee, isaa fi Muusee tajaajilaa isaatitti addatane. \c 15 \s1 Faaruu Muuse'eetii fi Miiriyamii \p \v 1 Achiin duuba Muuse'ee fi Israa'elooti faaruu asii gad jirtu tana Mootii Waan Maraatiif faarfatanee, \q1 «Mootiin Waan Maraa \q2 abbootii fardaatii fi fardoo isaanii \q2 abbaaya'atti naqee, \q2 ulfinna waan dhaggateef, \q2 ani isaaf hin faarfadha. \q1 \v 2 Mootiin Waan Maraa jabeenna naa te'ee, \q2 akka faarfadhu na tolcheera; \q2 inni fayyinna naa te'eera. \q1 Inni Waaqa kiyya; \q2 anille isa hin leellifadha; \q2 Waaqa abbaa kiyyaa, \q2 ani isa hin saadadha. \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa lolticha goota; \q2 Maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti. \q1 \v 4 Inni garreettaa mootichaa ka fardaan harkifamuu fi \q2 loltoota isaa abbaaya'atti naqe; \q2 qondaaltoti mootichaa worri filamane \q2 abbaayaa diintuu keessatti liqinfamane. \q1 \v 5 Bisaan qileen isaan irra garagale; \q2 akka dhaka'aa abbaaya'atti gad lixane. \b \q1 \v 6 «Ee Mootii Waan Maraa, \q2 harki keeti middichi, \q2 hunnaan arnya qaba. \q1 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 harki keeti middichi diinota butuche. \q1 \v 7 Guddinna arnya keetiitiin \q2 worra si mormu balleessite. \q1 Mufii teeti ta akka ibiddaa bobeettu itti ergitee, \q2 akka huuraa isaan muxuqi goote. \q1 \v 8 Hafuura funnaan keetiitiin, \q2 bisaan tuulame. \q1 Bisaan yaa'u akka dalleya dhaka'aa dhaabbate; \q2 bisaan qile'ee abbaayaa wodhakka'atti itite. \b \q1 \v 9 «Diinni kooree, ‹Ani isaan hin ari'a; \q2 isaan hin qaba; \q2 booji'ee karra isaanii hin qoodama; \q2 waan fedhe mara irraa hin fudhadha. \q1 Shallaagaa kiyya hin buqqifadha; \q2 harki kiyyalle isaan hin balleessa› jedhe. \q1 \v 10 Ati ammoo hafuura keeti itti baafannaan, \q2 abbaayaani isaan irra garagaltee, \q2 akkuma sibiilaa \q2 bisaan jabaa keessatti liqinfamane. \b \q1 \v 11 «Ee Mootii Waan Maraa, \q2 waaqota keessaa ka akka keetii eennu? \q2 Ka arnya woyyumma'aa qabu, \q2 ka ulfinnaan sodaatame, \q2 ka bilbaasa huju, \q2 ka akka keetii eennu? \q1 \v 12 Ati harka keeti middicha diriirsitee, \q2 latti isaan liqinsite. \b \q1 \v 13 «Ati jaalala keeti ka bara baraatiin \q2 kolbaa wodatte hin sooressita; \q2 jabeenna keetiin gara addee woyyitti'ii \q2 isaan hin geessita. \q1 \v 14 Gosi biyya adda addaa dhageettee hin hollatti; \q2 worri biyya Filisxeemotaalle hin muddaman. \q1 \v 15 Bulchitooti Edoomii hin bararaqan; \q2 Sooressitooti Mo'aabii sodaatanee hin romman; \q2 kolbaan Kana'aaniille hin sheephitti. \q1 \v 16 Ee Mootii Waan Maraa, \q2 kolbaa teetiif haga dabartutti \q2 kolbaan ati wodatte haga dabartutti \q2 hunna irree teetiitiin \q2 isaan akka dhaka'aa hin cadhisan; \q2 bararaqii fi naasuun isaanitti hin buuti. \q1 \v 17 Ee Mootii Waan Maraa, addee woyyittii teetitti \q1 Ee Gootta'a, addee harki keeti ijaare sanitti \q2 isaan galchitee, \q2 lafa teeti kooba gubbaa irratti \q2 isaan hin qubachiitta. \q1 \v 18 Mootiin Waan Maraa \q2 haga bara baraa hin bulcha» jedhane. \s1 Faaruu Miiriyamii \p \v 19 Fardoon, garreettaan fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta mootichaa abbaayaa keessa yennaa timane, Mootiin Waan Maraa bisaan abbaaya'aa isaan irra garagalchee, Israa'elooti ammoo abbaayaa keessa lafa godduu irra ideemanee qaxxaamurane. \p \v 20 Achiin duuba Miiriyamiin raagittiin, obboleettiin Aaronii, dibbee fudhattee baatee, dubartooti martinuu dibbee dhowaa, sirbaa isii gula yaa'ane. \p \v 21 Miiriyamille, faarfattee, isaaniin \q1 «Inni akka malee waan saadameef, \q2 Mootii Waan Maraatiif faarfadha'a. \q1 Inni fardo'oo fi abbootii fardo'oo \q2 abbaaya'atti naqeera» jette. \s1 Bisaan Hadhowu \p \v 22 Achiin duuba Muuseen kolbaa Israa'elii abbaayaa diintu'uu kaasee, gara lafa goomole'ee Shuur geesse. Isaan guyyaa sad bisaan adoo hin dhaggatin goomolee keessa deemane. \v 23 Isaan yennaa gara Maaraa dhufane, bisaan Maaraa sun waan hadhowuuf, uniisa hin dandeenne. Tanaaf maqaan addee sanii, «Maaraa\f + \fr 15:23 \fr*\fqa Maaraa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin hadhowaa \ft*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhame. \v 24 Maarre kolbaan, «Maan unna?» jettee Muuse'etti gungunte. \p \v 25 Achiin duuba Muuseen gara Mootii Waan Maraa iyyee, Mootiin Waan Maraa muka tokko itti mudhise; innille muka san bisaanitti qolaansee, bisaan sun tole. \p Achitti Mootiin Waan Maraa seerataa fi seera isaaniif kennee, achumatti haga isaan ilaale. \v 26 Inni, isaaniin, «Isin qoonqoo ana Mootii Waan Maraa ta Waaqa keessanii miidhassitanee yoo caqattane, fuula kiyya duratti waan sirrii te'e yoo tolchitane, ajaja kiyya yoo qalbeeffattane, seerata kiyya maralle yoo eegattane, dhukkuba worra Gibxi'iititti fide mara tokkolle isinitti hin fidu; ani Mootii Waan Maraa ka isin fayyisu» jedhe. \p \v 27 Achiin duuba isaan Eliim addee maddi kudhanii lamaa fi muki meexxi'ii torbaatam jiru dhufanee, achi bisaan bira qubatane. \c 16 \s1 Manna'aa fi Barbadi-kille \p \v 1 Kolbaan Israa'elii marti biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba, ji'a lammeesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'oo, Eliimii ka'anee gara goomolee Siinii ta Eliimii fi gaara Siina'aa wodhakkaa jirtuu dhufane. \v 2 Kolbaan Israa'elii marti goomolee san keessatti Muuse'ee fi Aaronitti gungumanee, \v 3 isaaniin, «Achi biyya Gibxi'ii keessatti okkotee foonii cinaa teennee, daabbo'oo fi foon haga feene nyaataa harka Waaqaatitti adoo dhumannee nuu woyya. Isin ammoo kolbaa duudii goomolee tana keessatti beelaan fixiisaaf as fiddane» jedhane. \p \v 4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo ani amma sagalee ol gubbaa irraa gad isiniif roobisiisa; kolbaalle gad baatee, guyyuma guyya'aan ta guyyaa tokkoof teetu qofa guurattuu ti. Ani tanaan akka isaan ajaja kiyya eegatanu haga isaan ilaala. \v 5 Guyyaa jayeesso'oo, ka qara guyyaa tokkoof guuratanu san harka lama guuratanuu ti» jedhe. \p \v 6 Maarre Muuse'ee fi Aaronille Israa'eloota maraan, «Biyya Gibxi'ii keessaa ka isin baase Mootii Waan Maraa akka te'e, galgala adhaa hin beettan; \v 7 Inni gungunsuu isin isa irratti gunguntane waan dhage'eef, boru ganama ulfinna Mootii Waan Maraa hin dhaggitan; nuuti womaa moti; isa irratti gunguma'a malee, nu irratti hin gungumina'a» jedhane. \v 8 Achiin duuba Muuseen, «Mootiin Waan Maraa gungunsuu isin isa irratti gunguntane waan dhage'eef, galgala foon isin nyaattanu, ganama daabboo isin barbaaddanu mara yennaa isinii kenne, akka inni Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Nuuti womaa moti; isin isa irratti gunguntane malee, nu irrattii moti» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba Muuseen Aaroniin, «Kolbaa Israa'elii maraan, ‹Mootiin Waan Maraa gungunsuu teessan waan dhage'eef, fuula isaa dura dhikaadha'a› jedhiin» jedhe. \v 10 Aaron kolbaa Israa'elii maratti adoo dubbatiisatti jiruu, isaan gara goomole'ee ilaalanee, achitti ulfinni Mootii Waan Maraa duumensa keessatti mudhate. \v 11 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 12 «Ani gungunsuu Israa'elootaa dhage'eera. Ati isaaniin ‹galgala adhaa dimimmisa foon hin nyaattan; ganama daabboo hin quuttan; achiin duuba ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'e hin beettan› jedhiin» jedhe. \p \v 13 Galgala san barbadi-kille dhuttee addee quttumaa guutte; ganama fixeensi adaala addee quttumaa san jiraayyu. \v 14 Yennaa fixeensi bu'e, solloqqeen hephelleen dhakaa roobaa fakkaattu, diida lafa goomole'ee irratti mudhatte. \v 15 Israa'elooti yennaa waan san dhaggite, maan akka te'e waan hin beenneef, «Wonni kun maan inni?» jedhanee wol gaafatane. \p Muuseen isaaniin, «Wonni kun akka isin nyaattanuuf, daabboo Mootiin Waan Maraa isiniif kenne. \v 16 Mootiin Waan Maraa, ‹Tokko tokkoon keessan haga isiniif barbaachisu guuradha'a. Nama dunkaanii teessan keessa jiru tokko tokkoofuu Omeera tokko\f + \fr 16:16 \fr*\fqa Omeeri tokko: \fqa*\ft Omeeri tokko gara litirii lamaa ti.\ft*\f* fuudha'a› jedhee ajajeera» jedhe. \p \v 17 Israa'elootille akkuma isaanitti himame tolchane; gariin bacaa, gariin diqquma guuratane; \v 18 yennaa safaratane, ka bacaa guurrateef irraa hin hanneef; ka diqqeessee guurateefille irraa hin dhidhanne; nami tokko tokkooyyuu haguma isaaf barbaachise guurate. \v 19 Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Nami tokkolle waan guurate san boruuf hin bulfatin» jedhe. \v 20 Te'uu malee worri gariin jecha Muuse'ee dhageettaa didee, waan guurate san irraa boruuf bulfate; wonni sun ammoo corroqottee ajootte; Maarre Muuseen isaanitti aare. \v 21 Ganama ganama nami martinuu haga nyaataaf isaanii barbaachisu guuratane; yennaa aduun o'ite wonni sun baxxe. \p \v 22 Guyyaa jayeesso'oo nami martinuu litirii lama, dachaa lama guurate; sooressitooti kolba'aa gara Muuse'ee dhufanee waan kana isatti himane; \v 23 innille deebisee isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, guyyaan boruu isaaf woyyoomee guyyaa fooraa akka te'u ajajeera; tanaaf adhuma waan bilcheeffattanu bilcheeffadha'a, waan iffeelattanulle iffeeladha'a; waan hafe haga boru ganamaatitti maffadha'a» jedhe. \v 24 Isaanille akkuma Muuseen ajaje haga ganamaatitti maffatane; wonni sunille hin ajoonne yookiin hin corroqoonne. \v 25 Muuseen, «Adha kanuma nyaadha'a; sababille guyyaan adhaa Sanbata guyyaa fooraa ka Mootii Waan Maraatiif woyyoome waan te'eef, waan nyaattanu kana adha tokkolle lafa irratti hin dhaggitanu. \v 26 Guyyaa jaa waan nyaataa kana guuradha; guyyaan torbeesso'oo, guyyaa fooraa Sanbata ammoo wonni tokkolle hin jiraattu» jedhe. \p \v 27 Te'uu malee, guyyaa torbeesso'oo san worri gariin waan nyaatanu san guuratiisaaf yaa'ane; ammoo waan tokkolle hin dhagganne. \v 28 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Isin haga yoomii ajajaa fi seerata kiyya eegatuu diddan? \v 29 Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa fooraa Sanbata akka isiniif kenne qalbeeffadha'a; tanaaf ani gaafa guyyaa jayeesso'oo waan nyaattanu ta guyyaa lamaa isiniif kenne. Guyyaa torbeesso'oo eennulle addee jiru turuu ti malee, qe'ee ifiitii hin bayin» jedhe. \v 30 Maarre guyyaa torbeesso'oo kolbaan foorfatte. \v 31 Kolbaa Israa'elii waan nyaatanu saniin «Mannaa» jette. Wonni sun adii akka midhaan dinbilaalaa, mi'aan isaalle akka daabboo dammaan hujantee ti. \v 32 Muuseen, «Mootiin Waan Maraa, ‹Biyya Gibxi'ii keessaa yennaa isin baase, lafa goomole'ee keessatti mannaa isin nyaachisaa ture kana, dhalooti dhufulle akka dhagguuf, mannaa kana irraa Omeerii tokko massa'a› jedhee ajajeera» jedhe. \v 33 Maarre Muuseen Aaroniin, «Okkotee fuudhiiti, mannaa litirii tokko itti naqi. Achiin duuba fuula Mootii Waan Maraa duratti, dhaloota dhufuuf massi» jedhe. \v 34 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, Aaron mannaa san Saanduqa Gondooro'oo duratti masse. \v 35 Israa'elooti lafa itti qubatane Kana'aan haga geyanutti woggaa afurtama mannaa nyaatane. \v 36 Omeeriin tokko eefaa\f + \fr 16:36 \fr*\fqa Eefaan tokko: \fqa*\ft Gara kiiloo kudhanii shanii ti.\ft*\f* harka kudhan keessaa harka tokko. \c 17 \s1 Bisaan Rassaa Keessaa Burqe \p \v 1 Kolbaan Israa'elii marti akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje goomolee «Siin» jedhantuu ka'anee, addee takka irraa gara addee takkaa adoo deddeemanuu, lafa «Refiidiim» jedhantu qubatane; addee san ammoo bisaan unanu hin jiru. \v 2 Tanaaf isaan «Bisaan unnu nuuf kenni» jedhanee Muuse'etti moromaa kaasane. \p Muuseen deebisee, «Isin maaf moromaa natti kaachan? Mootii Waan Maraalle maaf haga ilaaltan?» jedhe. \p \v 3 Kolbaan ammoo akka malee dheebottee, «Nuuti, ijoolleen teennaa fi horiin keenna dheebu'uun akka dhumannuuf ati biyya Gibxi'ii keessaa nu baattee?» jedhanee Muuse'een wol dhabane. \v 4 Achiin duuba Muuseen, «Ani kolbaa tana maan godha? Kunoo isaan dhaka'aan na tumiisaaf qopheeffataneeran» jedhee, gara Mootii Waan Maraa iyye. \p \v 5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Sooressitoota kolbaa Israa'elii keessaa garii fudhadhuutii, ulee teeti ta laga Nayiliitiin dhoottelle qabadhuutii, kolba'aan dura deemi. \v 6 Anille gaara Siina'aatitti rassaa irra si dura hin dhaabbadha; ati rassaa san hin dhootta; akka kolbaan untuuf, bisaan rassaa san keessaa hin burqa» jedhe. Muuseelle sooressitoota Israa'elii duratti akkasuma godhe. \p \v 7 Israa'elooti, «Mootiin Waan Maraa nu woliin jira moo hin jiru?» jedhanee, moromaa waan kaasaneef, Muuseen maqaa addee sanii, «Mariibaa»\f + \fr 17:7 \fr*\fqa Mariibaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa moromaa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* jedhee moggaase; Mootii Waan Maraalle haga waan ilaalaneef, inni maqaa addee sanii, «Maasaa»\f + \fr 17:7 \fr*\fqa Maasaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin haga ilaaluu \ft*\ft jechu'u.\ft*\f* jedhee moggaase. \s1 Amaaleqooti Israa'eloota Lolte \p \v 8 Amaaleqooti Refiidiim dhuttee Israa'eloota lolte. \v 9 Muuseelle Iyaasu'uun, «Namoota keenna keessaa filiitii dhaqii Amaaleqoota loli. Anille ulee Waaqi akka ani bilbaasa ittiin hojjadhuuf naaf kenne qabadhee kooba gubbaa hin dhaabbadha» jedhe. \v 10 Iyaasuulle akkuma Muuseen isa ajaje dhaqee Amaaleqoota lole; Muuseen, Aaronii fi Huur kooba gubba'atti ol bayane. \v 11 Yennaa Muuseen harka ifii ol kaase, Israa'elooti injifataa turte; yennaa inni harka ifii gad buufate ammoo Amaaleqooti injifataa turte. \v 12 Harki Muuse'ee yennaa dadhabu, Aaronii fi Huur dhakaa fidanee isa jala keyane; innille irra tee'e. Tokko gara middaatiin, kuun gara bita'aatiin haga aduun seentutti, harki isaa akka gad hin buune kiphane. \v 13 Akka kanaan Iyaasuun shallaaga'aan Amaaleqoota injifate. \p \v 14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Yennaa maraaf qaabbii akka teetu dabarsii injifannoo tanaa kitaaba maramaa kana irratti barreessi. Anille Amaaleqoota ijjumaa lafa irraa akka balleessu Iyaasu'utti himi» jedhe. \v 15 Muuseen addee ciinca'aa ijaaree, «Mootiin Waan Maraa baandiraa kiyya» jedhee moggaase. \v 16 Itti dabaleelle, «Harki kiyya gara barcumaa mootumma'aa ka Mootii Waan Maraa waan diriirfameeruuf, Mootiin Waan Maraa dhalootaa haga dhalootaatitti Amaaleqoota hin lola» jedhe. \c 18 \s1 Yetro Gara Muuse'ee Dhaqe \p \v 1 Hayyichi worra Miidiya'aa Yetro, abbaan sodda'aa ka Muuse'ee, waan Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi kolbaa Israa'eliitiif godhe, attam akka inni biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase dhage'e. \v 2-3 Muuseen niitii ifii Siiforaa ifi biraa deebiseen duuba, abbaan sodda'aa ka isaa isi'ii fi ilmaan isi'ii lamaan ta isiin Muuse'eef deette gara ifii fudhate; maarre Muuseen, «Ani biyya ormaatitti alagaa te'eera» jedhee, ilma ifii angaficha, «Gershoom» jedhee maqaa baase. \v 4 Ilma lammeesso'oolle, «Waaqi abbaa kiyyaa, qarqaaraa kiyya; shallaagaa mooticha Gibxi'ii jalaa na baaseera» jedhee, maqaa isaa, «Elii'ezer» jedhee baase. \v 5 Abbaan sodda'aa ka Muuse'ee Yetro, niitii Muuse'eetii fi ilmaan isaa lamaan woliin goomolee keessa, gaara woyyicha bira addee inni qubateerutti, gara Muuse'ee dhaqe. \v 6 Yetro, «Ani abbaan keeti ka sodda'aa Yetro, niitii teetii fi ilmaan isi'ii lamaan woliin gara keeti dhufiisatti jira» jedhee, itti erge. \v 7 Maarre Muuseen abbaa soddaa ifii qophatiisaaf, gad bayee, isaaf sagadee, sunqate; isaan nageya wol fuudhanee, achiin duuba gara dunkaani'ii ol seenane. \v 8 Achiin duuba Muuseen marroo waan Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiif jedhee, mooticha Gibxi'iitii fi kolbaa Gibxi'ii irratti huje, rakkinna karaa irratti isaan dhaqqabe mara, Mootiin Waan Maraa attam akka isaan baaselle abbaa soddaa ifiititti hime. \v 9 Abbaan sodda'aa ka isaa Yetro, Mootiin Waan Maraa harka worra Gibxi'ii keessaa isaan baasiisaan, waan dansaa inni Israa'elootaaf godhe maratti gammadee, \v 10 «Mootiin Waan Maraa ka harka mooticha Gibxi'iitii fi worra Gibxi'ii jalaa isin baase, ka harka worra Gibxi'ii jalaa kolbaa baase leellifamuu ti. \v 11 Worra Gibxi'ii ka Israa'eloota kooraan rakkise irratti inni waan kana waan tolcheef, akka Mootiin Waan Maraa waaqota mara caalu ani amma beeke» jedhe. \v 12 Achiin duuba abbaan sodda'aa ka Muuse'ee, kennansa gubamuu fi ciincaa dhibii Waaqaaf fide; Aaron jaarsolee Israa'elootaa mara woliin abbaa sodda'aa ka Muuse'ee woliin Waaqa duratti sagalee woyyittii san nyaatiisaaf dhufe. \s1 Filamiisa Abbootii Mura'aa \p \v 13 Guyyaa itti aanu Muuseen kolba'aaf muraa kenniisaaf tee'e; isaanille ganamaa haga galgalaatitti isa marsanee dhaabbatane. \v 14 Abbaan sodda'aa ka isaa, waan inni kolba'aaf tolchiisatti jiru yennaa dhagge, «Wonni ati kolba'aaf tolchiisatti jirtu kun maan? Kolbaan tun marti ganamaa haga galgalaatitti si marsitee dhaabbattuun, ati abbaa mura'aa teetee, maaf qofi teetta?» jedhee gaafate. \p \v 15 Muuseen deebisee abbaa sodda'aa ka ifiitiin, «Kolbaan fedha Waaqaa gaafatiisaaf, gara kiyya waan dhuttuuf, ani tana godhe. \v 16 Isaan yennaa wol dhabane na bira dhufan; isaan keessaa ka dhugaa irra jiru murteessee, seerataa fi seera Waaqaa itti hima» jedhe. \p \v 17 Achiin duuba abbaan sodda'aa ka Muuse'ee Yetro deebisee, «Wonni ati tolchiisatti jirru dansa'aa moti. \v 18 Atii fi kolbaan gara keeti dhuttulle ifi eleessiisatti jirtan; hujiin tun guddoo ulfaattu'u. Ati qofii teeti hujii tana hujuu hin dandeettu. \v 19 Ani amma gorsa tokko si'iif kenna na caqasi; Waaqi si woliin jiraatuu ti. Ati kolbaa bakka bu'iitii haajaa isaanii Waaqa dura dhikeessi. \v 20 Ati Seerataa fi seera Waaqaa isaan barsiisi; karaa isaan deemanuu fi waan isaan hujanu itti mudhisi. \v 21 Garuu kolbaa mara keessaa namoota dandeettii qabanu, ka Waaqa sodaatanu, ka addatamummaa qabanuu fi ka safuu fudhatiisa hin jaalanne filiitii, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa, ajajjoota kudhanii tolchii muudi. \v 22 Isaan yennaa mara kolba'aaf muraa kennanuu ti; waan isaan dhibe gara keeti fidanuu ti. Waan kasoo isaanummaan murteessanuu ti. Isaan hujii waan si qarqaaranuuf, ba'aan si irraa hin sallatti. \v 23 Ati yoo tana goote, Waaqille tanuma yoo si ajaje, ati hin eloottu; kolbaalle haajaa ifii guutattee gara mana ifii hin deebiti» jedhe. \p \v 24 Maarre Muuseen gorsa abbaa sodda'aa ka ifii dhage'ee, waan inni jedhe mara godhe. \v 25 Inni Israa'eloota keessaa worra dandeettii qabu filee, sooressitoota kolba'aa akka te'anu, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaatii fi ajajjoota kudhanii tolchee baallii isaaniif kenne. \v 26 Isaan abbootii mura'aa te'anee kolbaa tajaajilane; haajaa isaan dhibe gara Muuse'ee fidanee, haajaa kasoo te'e ammoo ifumaaf murteessane. \v 27 Achiin duuba Muuseen abbaa sodda'aa ka ifii Yetro geegessee, abbaan sodda'aa ka isaa Yetro gara biyya ifii deebi'e. \c 19 \s1 Israa'elooti Gaara Siina'aa Geyane \p \v 1 Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa bayanee, ji'a sadeesso'oo guyyaa tokkeesso'oo goomolee Siina'aa geyane. \v 2 Isaan Refiidiimii ka'anee goomolee Siina'aa keessa, fuullee gaara Siina'aa achi qubatane. \v 3 Achiin duuba Muuseen gara Mootii Waan Maraa gaaratti ol baye. \p Waaqille gaara gubba'aa Muusee waamee, «Sanyii Yaaqoobii, kolbaa Israa'eliitiin, \v 4 ‹Waan ani worra Gibxi'ii irratti godhe, akka risaan ilmoolee ifii koolaan ba'atu, isin ba'adhee gara kiyya attam akka isin fide dhaggitaneertan. \v 5 Amma isin guutumatti naaf yoo ajajantane, gondooroo tiyyalle yoo eegatane, gosa biyya adda addaa mara keessaa kolbaa irra caalaa jaalatantane hin teetan. Latti duudiin tiyya teetulle, \v 6 isin mootummaa hayyootaa kolbaa woyyittii naaf hin teetan› jedhi. Tun waan ati kolbaa Israa'eliititti hintu» jedheen. \v 7 Maarre Muuseen gad bu'ee jaarsolee kolba'aa waamee dubbii Mootiin Waan Maraa akka inni dubbatu isa ajaje mara isaanitti hime. \v 8 Achiin duuba kolbaan marti afaan tokkochaan, «Waan Mootiin Waan Maraa jedhe mara hin tolchina» jedhanee deebisane. Maarre Muuseen waan kolbaan jette deebi'ee Mootii Waan Maraatitti hime. \v 9 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ani si woliin dubbadhuun kolbaan akka dhageettu, yennaa maralle akka si'itti addattu, ani duumensa ciggaa keessa gara keeti hin dhufa» jedhe. \p Achiin duuba Muuseen waan kolbaan jette Mootii Waan Maraatitti hime. \v 10 Mootiin Waan Maraalle Muuse'een, «Gara kolba'aa dhaqiitii adhaa fi boru isaan woyyoonsi. Woyaa ifiille akka dhiqatanu godhi; \v 11 guyyaa sadeesso'oo adoo isaan dhagganuu, ani gaara Siina'aa irratti waan gad bu'uuf, guyyaa saniif qophowanuu ti. \v 12 Cinaa gaaraatitti naannessii, meessaa buusiitii, ‹Gara gaaraa akka ol hin baane yookiin irga isaa akka hin tundhe ifi eegadha'a; nami gaara san tuqe ijjeefamuu ti. \v 13 Harki adoo isa hin tuqin, dhaka'aan tumamee yookiin daayaan woraanamee ijjeefamuu ti. Nami yookiin horiin yoo gaara san tuqe ijjeefamuu ti. Qoonqoon tultulla'aa adoo wol irraa hin citin, yennaa tultullaan afuufame qofa kolbaan gara gaaraa ol bawuu dandeetti› jedhii itti himi» jedhe. \p \v 14 Achiin duuba Muuseen gaara irraa gara kolba'aa gad bu'ee, isaan woyyoonsee, woyaa ifiille akka dhiqatanu godhe. \v 15 Muuseen kolba'aan, «Guyyaa sadeesso'ootiif ifi qopheeffadha'a; dubartii bira hin geyina'a» jedhe. \p \v 16 Gaafa guyyaa sadeesso'oo ganama gaara san irratti duumensi ciggaan mudhate; mandiisuun mandiite; balaqqeettiin balaqqitte; qoonqoon tultulla'aa guddoon afuufante; kolbaan addee quttumaa san jirtu marti naatee hollatte. \v 17 Achiin duuba Muuseen kolbaa addee quttumaatii baasee gara Waaqaa fidee, isaanille gaara jala dhaabbatane. \v 18 Waaqi ibiddaan gaara irratti waan gad bu'eef, gaarri Siina'aa aaraan gollame; aarri akka aara boolla ibiddaa keessaa bawuu, gaara san irraa aare. Gaarri sun guutumatti raafame. \v 19 Qoonqoon tultulla'aalle ittuma dabalamaa dhutte. Achiin duuba Muuseen dubbate; Waaqille qoonqoo akka mandiisu'uutiin deebii kenne. \v 20 Mootiin Waan Maraa qaccee gaara Siina'aa irratti gad bu'ee, gara qaccee gaaraa Muusee waame. Muuseelle ol baye. \v 21 Mootiin Waan Maraalle Muuse'een, «Kolbaan ana Mootii Waan Maraa ilaaliisaaf, meessaa dabaranee, hedduun isaanii akka hin dhumanne, gad bu'ii itti gorsi. \v 22 Hayyooti gara kiyya dhikaatanuuyyuu ifi adda baasuu qaban; yoo akkas hin te'in ani isaan hin adaba» jedhe. \p \v 23 Muuseelle Mootii Waan Maraatiin, «Ati, ‹Adaala gaara kanaatitti meessaa naqa'aatii, isa woyyoonsa'a› waan nuun jetteertuuf, kolbaan gara gaara kanaa ol bawuu hin dandeettu» jedhe. \p \v 24 Mootiin Waan Maraalle deebisee Muuse'een, «Gad bu'iitii, Aaron woliin deebi'ii koy; hayyootii fi kolbaan ammoo gara kiyya dhufiisaaf meessaa dabaruu hin qabanu; yoo isaan dabarane, ani isaan hin adaba» jedhe. \v 25 Muuseelle gara kolba'aa gad bu'ee, waan Mootiin Waan Maraa jedhe isaanitti hime. \c 20 \s1 Ajajoota Kudhan \p \v 1 Waaqi jechoota asii gad jiru kana mara dubbate: \v 2 «Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti, ka lafa garbumma'aa, biyya Gibxi'ii keessaa si baase. \p \v 3 «Ana malee waaqota dhibii hin waaqonfatin. \p \v 4 «Bifa waan ol-gubbaa jiruutiin yookiin waan lafa irra jiruutiin yookiin waan bisaan keessa jiruutiin, bifa waan tokkootille'een waaqa dharaa hin hujatin. \v 5 Isaaniif hin sagadin; isaan hin waaqonfatinille'e. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa hinaatticha waan te'eef, worra na jibbu sababa cubbuu abbootii isaaniitiif, ijoollee isaanii haga dhaloota sadiitii fi afuriititti hin adaba. \v 6 Worra na jaalatuu fi worra ajaja kiyya eegatu ammoo dhaloota isaanii haga dhaloota kumaatitti jaalala kiyya ka bara baraa isaanitti hin mudhisa. \p \v 7 «Ani Mootiin Waan Maraa nama maqaa kiyya akkasumaan dhowu adabu malee waan hin lakkinneef, maqaa kiyya akkasumaan hin dhowin. \p \v 8 «Guyyaa Sanbataa woyyoonsiisaaf qaabadhu! \v 9 Guyyaa jaa elowiitii hujii teeti mara hujadhu. \v 10 Guyyaan torbeesso'oo ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif guyyaa fooraa ti; guyyaa san ati, ijoolleen teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, tajaajiltooti teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, horiin keetii fi nami alagaan si bira jiru marti hujii tokkolle hin hujin. \v 11 Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa jaa keessatti ol-gubbaa, lafa, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru mara dade; guyyaa torbeesso'oo ammoo foorfadhe; tanaaf ani Mootiin Waan Maraa guyyaa Sanbataa eebbisee woyyoonse. \p \v 12 «Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni. \p \v 13 «Hin ijjeesin; \p \v 14 «Hin gaarayyeeffatin; \p \v 15 «Hin hatin; \p \v 16 «Nama irratti dharaan dhugaa hin bayin; \p \v 17 «Mana namaa hin kajeelin; haadha manaa isaa, tajaajilaa isaa, tajaajiltuu isaa, loon isaa, harree isaa, karra isaa mara hin kajeelin» jedhe. \s1 Sodaa Kolba'aa \p \v 18 Kolbaan sun mandiisu'uu fi balaqqeettii yennaa dhaggite, tultullaa afuufamu dhageettee, gaarri aaruun yennaa dhaggite soda'aan hollattee, fagaattee dhaabbattee, \v 19 Muuse'een, «Nuuti akka hin duune, Waaqi nu woliin akka dubbatu hin godhin; atinuu nu woliin dubbadhu; nuuti hin caqanna» jette. \v 20 Muuseen kolbaa saniin, «Hin sodaatina'a! Sodaan Waaqaa isin bira jiraattee, cubbuu hujiisa irraa akka isin eedduuf, Waaqi haga isin ilaaliisaaf dhufeera» jedhe. \p \v 21 Kolbaan irraa fagaattee dhaabbatteertuun, Muuseen addee Waaqi jiru gara duumensa ciggaa dukkanowaa sanii dhikaate. \s1 Seera Marroo Addee Ciinca'aa \p \v 22 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani ol-gubbaa irraa akka isinitti dubbadhe isinuu dhaggitaneertan; \v 23 isin ana malee, waaqota meeti'ii fi worqii irraa hujattanee hin waaqonfatina'a. \p \v 24 « ‹Ati addee ciinca'aa faara irraa naaf hujiitii, isa irratti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa hoolee, re'e'ee fi loon keeti keessaa dhikeessi. Ani addee maqaa kiyya akka itti waamamu godhe san gara keeti dhufee si hin eebbisa. \v 25 Ati dhaka'aan addee ciinca'aa naaf yoo ijaartu teete, meya ittiin boccu saniin waan batteessituuf, dhakaa bocameen hin ijaarin. \v 26 Nafi keeti qullaa akka hin mudhanneef, yaabbannoo irra gara addee ciinca'aa tiyyatti ol hin bayin jedha› jedhiin» jedhe. \c 21 \s1 Seera Marroo Garbootaa \r (Kes. 15:12-18) \p \v 1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Seerri ati Israa'elootaaf kennitu asii gad jira: \p \v 2 «Sanyii Ibrootaa keessaa garbicha yoo bitattane, woggaa jaa isin tajaajiluu ti. Woggaa torbeesso'oo ammoo waan tokkolle adoo hin kaffaliniif akkasumaan deemuu ti. \v 3 Inni yoo qofuu dhufee jiraate, qofuma deemuu ti; inni yennaa dhufu niitii yoo qabaate ammoo, isii fudhatee deemuu ti. \v 4 Yoo goottaan isaa niitii isa fuusisee, isiin ilmaan yookiin durra isaaf deetee yoo jiraate, dubartiin sunii fi ijoolleen sun ta gootta'aa te'anuu ti; namichi qofuma deemuu ti. \p \v 5 «Garbichi sun ammoo, ‹Ani goottaa kiyya, niitii tiyyaa fi ijoollee tiyya hin jaaladha! Bilisa bawuu hin barbaadu› yoo jedhe, \v 6 goottaan isaa Waaqa\f + \fr 21:6 \fr*\fqa Waaqa dura: \fqa*\ft Barreeffam durii tokko tokko, «Abbootii mura'aa dura» jedha.\ft*\f* dura isa geessuu ti. Achiin duuba gara balbalaa yookiin gara mikikkila balbalaa geessee gurra isaa muta'aan uruu ti. Achiin duuba inni haga jiruu ifii garba isaa hin te'a. \p \v 7 «Nami tokko intala ifii akka garbittii teetuuf yoo gurgure, isiin akka garbicha dhiiraa bilisa hin bayin. \v 8 Isiin goottaa ifii ka niitii isii godhatiisaaf filate yoo gammachiisuu dhadde, inni akka isiin wodantu godhuu ti. Inni waan isi'iif hin malle waan isii irratti godheef, ormatti dabarsee isii hin gurgurin. \v 9 Nami tokko akka ilmi isaa fuudhuuf garbittii yoo bitate, akkuma intala ifiititti ilaaluu ti. \v 10 Dubartii dhibii yoo fuusise ammoo, muttaaritti'iif sagalee, uffanaa fi waan isi'iif barbaachisu hin dhooggatin. \v 11 Waan sadiin kana yoo isi'iif hin guutin, kaffaltii tokko malee deentuu ti. \s1 Seera Worri Nama Miidhu Ittiin Adabamu \p \v 12 «Nami nama dhaanee ijjeesu, innille ijjeefamuu ti. \v 13 Te'uu malee, inni gaadee adoo hin ijjeesin, danuu yoo teete, addee ani isaa qopheessetti baqatuu ti \v 14 Nami tokko beekaa nama yoo ijjeese ammoo, addee ciincaa tiyyaatii baasa'aatii isa ijjeesa'a. \p \v 15 «Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii dhaanu ijjeefamuu ti. \p \v 16 «Nami nama hatee gurgure yookiin isa harkalle'etti yoo dhaggame, nami hate sun ijjeefamuu ti. \p \v 17 «Nami abbaa yookiin haadha ifii abaaru ijjeefamuu ti. \p \v 18 «Nami wol lolee, tokkochi kaan dhakaan yookiin tuntummu'uun dhowee, nami dhowame sun adoo hin du'in taqee irra yoo ciise, \v 19 ulee dhadhaabbataa yoo deddeemu teete, nami isa dhowe sun itti hin gaafatamu; te'uu malee, yennaa hujii isaa waan duraa balleesseef, nama miidhame saniif qodha kennuu ti; haga inni guutumatti fayyutti isa ilaaluu ti. \p \v 20 «Nami tokko garbicha ifii yookiin garbittii ifii ule'een dhowee yoo ijjeese, adabamuu ti. \v 21 Garbichi sun guyyaa tokkoon yookiin guyyaa lamaan duuba yoo fayye, garbichi sun duruu qabeenna isaa waan te'eef adabamuu hin qabu. \p \v 22 «Namooti adoo wol lolanuu dubartii ulfaatitti bu'anee, ulfi sun irraa bayee, isiin guddoo miidhamuu dhaddulle, nami isii miidhe sun waan dhirsi isi'ii isa gaafatee fi waan abbootiin mura'aa itti murte kennuu ti. \v 23 Miidham hamaa yoo te'e ammoo, qooda lubbu'uu, lubbuu; \v 24 qooda ilaa, ila; qooda ilkaanii, ilkaan; qooda harkaa harka; qooda miilaa, miila; \v 25 qooda gubiisaa, gubiisa; qooda mada'aa, madaa; qooda dhaaniisaa, dhaaniisa; seera jedhuun murteessi. \p \v 26 «Nami tokko ila garbicha ifii yookiin ila garbittii ifii dhowee yoo balleesse, qodha ilaatiif garboota san bilisa baasuu ti. \v 27 Ilkaan garbichaa yookiin ilkaan garbitti'ii yoo casselle, qodha ilkaaniitiif garboota san bilisa baasuu ti. \s1 Itti Gaafatammummaa Qabeenna Ifii \p \v 28 «Kormi tokko dhiira yookiin dubartii takka nyaatee yoo ijjeese, kormi sun dhaka'aan tumamee ijjeefamuu ti; foon isaa ammoo hin nyaatamin; abbaan kormaa ammoo itti hin gaafatamin. \v 29 Kormi sun duruu ka nama nyaatu te'ee, abbaan korma sanii akka dhooggatuuf itti himanee, inni dhooggatuu dhabee, dhiira yookiin dubartii nyaatee yoo ijjeese, kormi sun dhaka'aan tumamee ijjeefamuu ti; abbaan korma saniille ijjeefamuu ti. \v 30 Te'uu malee, qodha akka kennu yoo gaafatame, waan itti murteeffame san kaffaliisaan lubbuu ifii wodatuu ti \v 31 Kormi tokko ilma yookiin intala nyaatee yoo ijjeese, akkuma seera kanaatitti murteeffamuu ti. \v 32 Kormi tokko garbicha yookiin garbittii takka yoo nyaate, meetii giraama sagaltama qodha kennuu ti. \p \v 33 «Nami tokko boolla qotee adoo hin duuchiin lakkisee, boolla san keessa qotiyyoon yookiin harreen yoo buute, \v 34 nami boolla qote sun abbaa qotiyyo'ootiif yookiin abbaa harre'eetiif qodha kennu ti; qotiyyoon duute sun yookiin harreen duute sun ammoo isaaf te'anuu ti. \v 35 Kormi nama tokkoo korma nama dhibi'ii yoo ijjeese, korma jiru san gurguranee beesee itti gurguranee fi korma du'e san wol qixxee qoodatanuu ti. \v 36 Te'uu malee, kormi sun ka nama nyaatu te'ee, abbaan korma sanii dhooggatuu yoo dhabe, addee korma du'e sanii korma dhibii kennuu ti; korma du'e san ammoo ifiif fudhatuu ti. \c 22 \s1 Seera Qabeenna Ittiin Eegatanu \p \v 1 «Nami tokko qotiyyoo tokko yookiin hoolee hatee yoo qalate yookiin yoo gurgurate, qooda qotiyyoo tokko sanii qotiyyoo shan, qooda hoolee takkattii sanii hoolee afur kaffaluu ti. \v 2 Hattichi tokko balbala cassee adoo seenuu qabamee tumamee, yoo du'e, dhiiga isaa ka dhangalaafameef gumaan hin jiru. \v 3 Aduun baateen duuba yoo ijjeefame garuu, ka ijjeese sun yakkaamessa hin te'a. \p «Hattichi qabame sun waan hate san kaffaluu qaba; inni womaa yoo hin qabaanne teete ammoo, waan hate san kaffaliisaaf inninuu gurguramuu ti. \p \v 4 «Horiin inni hate sun kormi yookiin hooleen yookiin harreen lubbu'uun adoo jiranuu harka isaatitti yoo dhaggamane, waan tokkoof dachaa lama kaffaluu ti. \p \v 5 «Nami tokko horii ifii fichaa keessa yookiin oorruu woyni'ii keessa akka dheedanu gad lakkisee, midhaan nama dhibi'ii yoo nyaatane, fichaa ifii dansaa irraa yookiin oorruu woynii ifii dansaa irraa nama saniif kaffaluu ti. \p \v 6 «Ibiddi tokko ka'ee daggala qabatee, tuulaa midhaanii yookiin midhaan fichaa keessaa yoo nyaate, nami ibidda qassiise sun gatii midhaan sanii guutuu kaffaluu ti. \p \v 7 «Nami tokko beesee yookiin meya ifii akka isaaf massu namatti kennatee, mana nama sanii keessaa hattuun yoo hatte, hatichi sun yoo qabame dachaa lama kaffaluu ti. \v 8 Hattichi sun yoo dhabame ammoo, abbaan manaa meya nama sanii akka hatee hin jirre kakatiisaaf, abbootii mura'aa dura dhikaatuu ti. \p \v 9 «Nami tokko qotiyyoo tokko, harree takka, hoolee takka, woyaa yookiin qabeenna te'e maraayyuu seera malee qabateeruun, ka dhibiin, ‹Kun kiyya› jedhee, moromaan yoo kaate, worri wol morome sun lamaanuu haajaa san abbootiin mura'aa dura dhikeessanuu ti; nami abbootiin mura'aa yakkaa itti murte sun nama saniif dachaa lama kaffaluu ti. \p \v 10 «Nami tokko harree takka, qotiyyoo tokko, hoolee takka yookiin horii dhibiille nama bira keyateeruun horiin sun yoo du'e yookiin yoo miidhame yookiin nami adoo hin dhaggin yoo fudhatame, \v 11 nami horii bira keyatane sun horii nama sanii akka fudhatee hin jirre abbootii mura'aa duratti kakatuu ti; abbaan hori'ii sunille yaada kana fudhatuu qaba; kaffaltiin hin jiraatin. \v 12 Horiin sun nama bira keyatane san biraa yoo hatamee jiraate ammoo nami sun kaffaluu ti. \v 13 Horii san bineensi yoo nyaatee jiraate, mirkaneessiisaaf, raqa bineensi nyaatee hafe san dhikeessuu ti; horii nyaatameef kaffaltiin hin jiraatin. \p \v 14 «Nami tokko horii nama irraa ergifatee, horii sun adoo abbaan hori'ii sun bira hin jiraatin yoo miidhame yookiin yoo du'e, abbaan ergifate sun kaffaluu ti. \v 15 Abbaan hori'ii sun yoo bira jiraate ammoo, abbaan ergifate sun hin kaffalin; horiin sun yoo kireeffamee jiraate, beeseen kira'aaf kaffalante sun gatii horii saniitiif kaffalantuu ti. \s1 Seera Ittiin Bulmaataatii fi Seera Dhugeeffanna'aa \p \v 16 «Nami tokko durra hin kadhatamin sossobee bantii isi'ii yoo balleesse, maraa isi'ii kennee isii fuudhuu ti. \v 17 Abbaan isi'ii isaaf kenniisa yoo didate, nami sun goronsa banti'ii kennuu ti. \p \v 18 «Dubartiin falfaltu ijjeefantuu ti. \p \v 19 «Nami horii woliin rafe ijjeefamuu ti. \p \v 20 «Ana Mootii Waan Maraatiif malee, nami waaqota dhibi'iif ciincaa dhikeessu ijjeefamuu ti. \p \v 21 «Isinille biyya Gibxi'ii keessatti alagaa waan teetaneertanuuf, alagaa hin miidhina'a yookiin hin cunqursina'a. \p \v 22 «Haadha hiyyeessaa yookiin ijoollee abba'aa fi haadha hin qanne gad hin qabina'a \v 23 Isin yoo isaan gad qaddanee isaan gara kiyya iyyane, dhugumaan ani iyya isaanii hin dhage'a. \v 24 Ani isinitti aaree, shallaaga'aan isin hin ijjeesa; niitiin teessan haadha hiyyeessaa hin teeti; ijoolleen teessanille ta abbaa hin qanne hin teeti. \p \v 25 «Kolbaa tiyya keessaa nama hiyyeessaaf beesee yoo liqeessitane, akka nama dhalaan liqeessuu isatti hin te'ina'a; dhala isa hin gaafatina'a. \v 26 Woyaa namaa qaddii yoo qabattane, adoo aduun hin seenin isaaf deebisa'a. \v 27 Wonni inni nafa ifiitiin gollatu tana qofa waan teeteef, maan uffatee rafa ree? Yoo inni gara kiyya iyye, ani mararaa waan te'eef, isaaf hin dhage'a. \p \v 28 «Waaqa hin faanshessina'a yookiin bulchaa kolbaa teessanii hin abaarina'a. \p \v 29 «Midhaan haammattanee galfattanu keessaa mataa naa kenniisaaf hin rincicina'a. \p «Ilmaan teessan keessaa angafa naaf kenna'a. \v 30 Loonii fi hoolee teessan keessalle'ee akkasuma tolcha'a; isaan guyyaa torba haadha ifii woliin turanuu ti; guyyaa saddeetesso'oo ammoo isaan naaf kenna'a. \p \v 31 «Isin kolbaa naaf woyyoonte hin teetan; tanaaf foon horii bineensi ijjeesee sare'eef kenna'a malee hin nyaatina'a. \c 23 \s1 Seera Haqaatii Fi Mararti'ii \p \v 1 «Oduu dharaa hin odeessina'a; dharaan dhugaa bayiisaan nama yakkaamessa hin qarqaarina'a. \p \v 2 «Hantuu hujiisaaf namoota hedduu hin hordofina'a; addee seeraatitti namoota hedduu hordofiisaan haqa hin dassina'a. \v 3 Hiyyeessi muraa dura yennaa dhikaate, waan inni hiyyeessa te'eef isaaf hin rogina'a. \p \v 4 «Qotiyyoo yookiin harree diina keessanii ta balleya baddeertu yoo dhaggitane isaaf galcha'a. \v 5 Harreen nama isin jibbuu fe'iisa jalatti jiddeertuun yoo dhaggitane, isa qarqaara'a malee lakkittanee irra hin dabarina'a. \p \v 6 «Hiyyeessi muraa dura yennaa dhikaate, haqa isaa hin dassina'a. \v 7 Ani yakkaamessa akka nama yakkaa hin qanneetitti hin laakkowu; tanaaf, waan dharaa irraa fagaadha'a; nama yakkaa hin qanne yookiin nama balchaa hin ijjeesina'a. \p \v 8 «Safuun ila worra akka dansaa dhagguu waan balleessituuf, jecha worra balchoole'eelle waan micciirtuuf, safuu hin fudhatina'a. \p \v 9 «Alagaa hin cunqursina'a; isinille biyya Gibxi'iititti alagaa waan teetaneertanuuf, waan alaga'atti dhage'amu isinuu hin beettan. \s1 Seera Sanbataa \p \v 10 «Woggaa jaa fichaa keessanitti midhaan facaafadha'aatii galfadha'a; \v 11 woggaa torbeesso'oo ammoo bulcha'a malee hin qotina'a; waan achi keessaa dhaggamu worri hiyyeeyyiin kolbaa teessan keessaa nyaatanuu ti; ka isaan irraa hafe bineensi nyaatu ti. Muka woyni'ii keessanii fi muka ejersaa keessanille akkasuma godha'a. \p \v 12 «Guyyaa jaa hujii teessan hujadha'a; qotiyyoon teessan, harreen teessan, garbi mana keessan keessatti dhalatee fi alagaan isinii huju akka foorfatanu, guyyaa torbeesso'oo ammoo hujii hin hujina'a. \p \v 13 «Waan ani isinitti hime kana mara hubadha'a; maqaa waaqota dhibi'ii hin waammatina'a; maqaan isaanii afaan keessanille'ee hin bayin. \s1 Jila Gugurdoo Sad \p \v 14 «Wogga'atti yennaa sad jila naaf jilifadha'a. \p \v 15 «Jila daabboo uukoo hin uukoonnee jilifadha'a; akkuma ani isin ajaje guyyaa torbeesso'oo daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a; ji'a biyya Gibxi'ii keessaa baatane waan te'eef, jila tana ji'a ‹Abibiib› jedhamu keessa guyyaa murteeffametti jilifadha'a. \p «Nami tokkolle harka duwwaa na dura hin dhikaatin. \p \v 16 «Midhaan facaafattane ka mata'aa yennaa galfattanu, jila midhaan galfatiisaa jilifadha'a. \p «Dhuma wogga'aa irratti mukoota fichaa keessan keessa jiranu irraa midhaan yennaa guurattanu, jila midhaan galfatiisaa jilifadha'a. \p \v 17 «Wogga'atti yennaa sad dhiirti marti Mootii Waan Maraa Goottaa dura dhikaattuu ti. \p \v 18 «Dhiiga ciinca'aa ka anaaf dhikaatu woliin waan uukoo qabu hin dhikeessina'a. \p «Moorri yennaa jilaa kennansa ciinca'aatiif naaf dhikaatu haga bari'ii hin turin. \p \v 19 «Waan latti isiniif baache keessaa midhaan mata'aa ka irra caalaa dansa'aa ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif dhikeessa'a. \p «Buruusoo re'e'ee aanan haadha isi'iitiin hin iffeelina'a. \s1 Waada'aa Fi Gorsa \p \v 20 «Kunoo, karaa irratti akka isin eeguuf, gara addee ani qopheessee akka isin fiduuf, ani ergamaa isiniin dura ergeera. \v 21 Isin ifi eeggadha'a; dubbii isaalle qalbeeffadha'a. Isalle hin mormina'a; ani maqaa kiyyaan waan isa ergeef inni finqila keessan isiniif hin araaramu. \v 22 Waan inni jedhe akka dansaa yoo caqattane, waan ani ajaje maralle yoo tolchitane, ani diina keessaniif diina hin te'a; worra isin mormulle hin morma. \v 23 Ergamaan kiyya isiniin dura deemee gara lafa Amoorotaa, lafa Heetotaa, lafa Pheriizotaa, lafa Kana'aanotaa, lafa Hiiwotaa, lafa Yibusootaa isin hin geessa; anille isaan hin balleessa. \v 24 Isin waaqota isaaniitiif hin sagadina'a yookiin isaan hin waaqonfatina'a! Hujii isaaniille gula hin deemina'a. Waaqota isaanii balleessa'a; soodduu woyyittii isaaniille caccassa'a. \v 25 Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waaqonfadha'a; anille midhaanii fi bisaan keessan hin eebbisa; dhukkuballe odduu teessanii hin balleessa. \v 26 Lafa teessan keessa dubartiin ulfi irraa bawu yookiin maseenti hin jiraattu; bara jiruu teessaniille hin dheeressa. \p \v 27 «Ani diinota keessan akka na sodaatanu hin tolcha; kolbaa isin loltanu hin joonjessa; diinoti keessan marti akka isin dheetanu hin tolcha. \v 28 Ani worra Hiiwotaa, worra Kana'aanotaatii fi worra Heetotaa isin duraa ari'iisaaf soonsa itti hin erga. \v 29 Latti ontee bineensi akka isinitti hin bacanne, woggaa tokko keessatti isin duraa isaan hin ari'u. \v 30 Haga isin hortanee lafa qabattanutti diqqeessee diqqeessee isin duraa isaan hin ari'a. \p \v 31 «Meessaa keessan abbaayaa diintuu\f + \fr 23:31 \fr*\fqa Abbaayaa diintuu: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa abbaayaa allaadu'uu \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* irraa haga abbaayaa Filisxeemotaa, goomolee irraa haga laga Efraaxiisii hin godha. Ani kolbaa lafa san keessa leetu harka keessanitti dabarsee hin kenna; isinille ifi duraa isaan hin ariitan. \v 32 Isaan woliin yookiin waaqota isaanii woliin woli hin gondooratina'a. \v 33 Akka isaan lafa teessan keessa le'anu hin godhina'a. Yoo akkas gootane, isaan akka isin na irratti cubbuu hujjanu hin godhan. Isin waaqota isaanii yoo waaqonfattane, tiyyoo isinitti hin teeti» jedhe. \c 24 \s1 Dhiiga Gondooro'oo \p \v 1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati, Aaron, Naadaab, Abiihu'uu fi jaarsoleen Israa'elii torbaatam gara ana Mootii Waan Maraa kowa'a. Fagoo dhaabbadha'aatii sagada'a. \v 2 Ati callaan na bira dhikaadhu malee, worri dhibiin na bira hin dhikaatin; kolbaalle si woliin ol hin bayin» jedhe. \p \v 3 Muuseen dhaqee waan Mootiin Waan Maraa dubbatee fi seera isaa mara kolba'atti yennaa hime, kolbaan afaan tokkoon, «Waan Mootiin Waan Maraa jedhe mara hin goona» jettee deebitte. \v 4 Achiin duuba Muuseen, waan Mootiin Waan Maraa dubbate mara barreesse. Inni guyyaa itti aanu ganama ka'ee gaara jalatti addee ciinca'aa hujee, soodduu kudhanii lama ta gosa Israa'elii kudhanii lama bakka buutu dhaabe. \v 5 Achiin duuba inni Israa'eloota dargaggoota dhiiraa ergee, isaanille kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa ka Mootii Waan Maraatiif ciinceffamu dardaroota dhikeessane. \v 6 Muuseelle dhiiga san gamisa fuudhee qori'itti naqee, gamisa hafe addee ciinca'aa irratti dhangalaase. \v 7 Achiin duuba inni kitaaba Gondooro'oo fuudhee kolba'aaf dubbise; isaanille, «Waan Mootiin Waan Maraa jedhe mara hin goona; isaafille hin ajajanna» jedhane. \p \v 8 Achiin duuba Muuseen dhiiga san fuudhee kolba'atti fiffixee, «Kun dhiiga Gondooro'oo ka Mootiin Waan Maraa yennaa ajaja kana isinii kenne isin woliin gondoorate» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba Muuseen, Aaron, Naadaab, Abiihu'uu fi jaarsoleen Israa'elii torbaatam gara gaaraa ol bayanee, \v 10 Waaqa Israa'elii dhaggane. Miila isaatiin jala dhakaa gatii guddo'oo ka «Safiiros» jedhamu, qulqulluu akka ol-gubba'aatitti jiraayyu. \v 11 Waaqi jaarsolee kolbaa Israa'elii tanatti balaa hin buunne; isaanille Waaqa dhagganee, fuula isaa duratti nyaatanee unane. \s1 Muuseen Gara Gaara Siina'aa Ol Baye \p \v 12 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gara gaaraa, gara kiyya ol bayiitii as turi; anille dhakaa baxxicha lama ka seerrii fi ajaji qajeelfama isaaniif te'u irratti barreesse sitti hin kenna» jedhe. \p \v 13 Achiin duuba Muuseen qarqaaraa ifii Iyaasuu woliin ka'anee, Muuseen gara gaara Waaqaa ol baye. \v 14 Inni jaarsolee saniin, «Haga nuuti deebinee gara keessan dhunnutti, as tura'a; Aaronii fi Huur isin woliin waan jiranuuf, nami wol dhabu yoo jiraate isaan bira dhaquu ti» jedhe. \p \v 15 Yennaa Muuseen gara gaaraa ol baye, duumensi gaara golle. \v 16 Ulfinni Mootii Waan Maraa gaara Siina'aa irra bu'e; duumensi sun haga guyyaa jaa gaara gollee, guyyaa torbeesso'oo Mootiin Waan Maraa duumensa keessaa Muusee waame. \v 17 Ulfinni Mootii Waan Maraa ibidda wo nyaatu fakkaatee qaccee gaaraa irratti Israa'elootatti mudhate. \v 18 Achiin duuba Muuseen duumensa keessa gara gaara ol baye. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama achi ture. \c 25 \s1 Kennansa Dunkaanii Woyyitti'iif Kennamu \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een \v 2 «Israa'elooti kennansa akka naaf kennanu itti himi; nama fedhii ifiitiin kennansa naa fidu irraa fuudhi. \v 3 Kennansi ati isaan irraa fuutu: worqii, meeti'ii fi sageettuu, \v 4 woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, woyaa liilana diima'aatii fi woyaa quncee talba'aa, woyaa rifeensa re'e'ee, \v 5 gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame, gogaa hoolee galaanaa, muka gololchaa, \v 6 zayitii ejersaa ta ifaaf teetu, uddowaa zayitii ejersaa ta dibatanutti naqanu, hixaana foolee dansa'aa, \v 7 dhakaa gatii guddo'ootii fi dooqa adda addaa ka woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi kiisii qomaatitti naqanu. \p \v 8 «Achiin duuba akka ani odduu isaanii jiraadhuuf, dunkaanii woyyittii naaf hujanuu ti. \v 9 Dunkaanii woyyittii tanaa fi meya isii keessaa mara akka ani sitti mudhisutti huji. \s1 Saanduqa Gondooro'oo \p \v 10 «Saanduqa Gondooro'oo ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa, hojjaan isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa akka hujanu tolchi. \v 11 Keessa isi'iitii fi duuba isi'ii worqii itti gonfi; roga isi'ii irra naannessiitii xiyyoo worqi'ii itti huji. \v 12 Qubee worqi'ii afur hujiitii, lamaan gara tokkoon, lamaan gara kaaniin, miila isi'ii afurittuu qassiisi. \v 13 Muka gololchaa irraa danqaraa bociitii worqii itti gonfi. \v 14 Danqaraa isii ittiin ba'atanu, qubeelee Saanduqa Gondooro'oo ta gama lamaaniin jirtu san keessa loosi. \v 15 Danqaraan sun qubeelee Saanduqa Gondooro'oo san keessuma tee'uutii malee achi keessaa hin bayin. \v 16 Achiin duuba dhakaa baxxicha lama ka ajaji irratti barreeffame ka ani si'iif kennu, saanduqa gonddooro'oo san keessa keyi. \p \v 17 «Qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo ta worqi'ii, ta gumaa cubbu'uu irra keyanu ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa ta worqi'ii huji. \v 18 Dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lama worqii tumante irraa qaccee lama ta qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo irratti huji. \v 19 Dada ol-gubba'aa san tokko qaccee gara tokkootitti, dada ol-gubba'aa ta lammeesso'oo qaccee garakaaniititti keyi; dada ol-gubba'aa ta koola qabanu san qaccee qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo lamaanittuu wolitti qassiisii tokko tolchi. \v 20 Dadi ol-gubba'aa ta koola qabanu sun koola ifii ol badhifatanee qadaaddaa san irra gonbobanuu ti; fuula wolitti galanee, qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo san ilaalanuu ti. \v 21 Qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo san Saanduqa Gondooro'oo gubbaa keyi; dhakaa baxxicha seerri irratti barreeffame ka ani si'ii kennu sanille Saanduqa Gonddooro'oo san keessa keyi. \v 22 Dada ol-gubba'aa ta koola qabanu lama ta qadaaddaa addee araara cubbu'uu ka Saanduqa Gondooro'oo irra jiranu wodhakka'atti si'iin wol dhaggee, achitti ajaja kiyya mara kolbaa Israa'eliitiif si'itti hin kenna. \s1 Xarapheessaa Daabboo Waaqaaf Dhikaattu Irra Keyanu \p \v 23 «Xarapheessaa dheerinni isaa ciqilee lama, badhinni isaa ciqilee tokko, hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa huji. \v 24 Worqii qulluu itti gonfi; roga isaa irralle naannessii worqii itti gonfi. \v 25 Xiyyoo haga badhinna ganaa harkaa geettu irga isaa irratti naannessii worqii itti gonfi. \v 26 Xarapheessaa saniif qubee worqi'ii afur hujiitii, addee miilli isaa afur jiranutti roga isaa afur irratti qassiisi. \v 27 Qubeeleen afur sun danqaraa xarapheessaa ittiin ba'atanu akka qaddu, xiyyoo san biratti dhikaatanuu ti. \v 28 Danqaraa muka gololchaa irraa huji; worqii itti gonfiittii xarapheessaa san ittiin ba'adhu. \v 29 Waan daadhii woyni'ii ittiin dhikeessanu gabataa, qorii, kobolaa fi muduunuu worqii qullittii irraa huji. \v 30 Daabboo na dura dhikaattu yennaa mara fuula kiyya dura xarapheessaa kana irra keyi. \s1 Waan Issaa Irra Keyanu \r (Bay. 37:17-24) \p \v 31 «Waan issaa irra keyanu worqii qullittii irraa huji. Miila isaa, ulee isaa, muduunuu daraaraa fakkaattu, guntuta daraara'aatii fi daraaraa seesaa waan ifa irra keyanu san woliin wolitti qassiisii tokko tolchii huji. \v 32 Waan issaa irra keyanu kana irratti dameelee jaa, gara tokkoon sad, gara kaaniin sad huji. \v 33 Dameelee jaanuu, tokko tokkoo isaanii irratti muduunuun daraaraa muka ‹Almond› jedhamuu fakkaattu ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu sad jiraatanuu ti. \v 34 Waan issaa irra keyanu san irra, muduunuun daraaraa muka ‹Almond› jedhamu fakkaattu afur ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu jiraatanuu ti. \v 35 Dameelee waan issaa irra keyanuu lamaan karaa jalaa guntuti daraara'aa tokko, dameelee lamaan lammeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka lammeesso'oo, dameelee lamaan sadeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka sadeesso'oo jiraatanuu ti. \v 36 Guntuti daraara'aatii fi dameeleen sun martinuu waan issaa irra keyanu san woliin wolitti qassiifamanee tokko te'anee, worqii qullittii irraa hujamanuu ti. \p \v 37 «Akka issaan addee waan issaa irra keyanu duraatiif ifa kennanu, issaa torba hujiitii, waan issaa irra keyanu san irra keyi. \v 38 Qarapha'aa fi qoriin daadha'aa worqii qullittii irraa hujamanuu ti. \v 39 Wonni ifa irra keyanuu fi mey isi'ii marti worqii qullittii kiiloogiraama soddomii shaniin hujamanuu ti. \v 40 Akka ani gaara irratti sitti mudhise sanitti ilaalii huji. \c 26 \s1 Dunkaanii Woyyittii \p \v 1 «Dunkaanii Woyyittii, gollaa haadaa qoola kudhan: liilana quncee talba'aa dansaa, liilana bifa cuquliisaa, liilana bifa dhiille'eetii fi liilana diimaa irraa wolitti fowantee dhowateen huji. Nami hujii harkaa beeku, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti hujuu ti. \v 2 Gollaan haadaa sun tokko tokkoon isaa dheerinni ciqilee diddamii saddeeti badhinni ciqilee afur, marti isaaniituu wol qixa te'anuu ti. \v 3 Qoola woya'aa san shanan wolitti hodhi; shanan hafane kaanille akkasuma tolchi. \v 4 Irga qoola woya'aa ka wolitti hodhantee sanitti qubeelee bifa cuquliisaa itti naqi. Qoola woya'aa ta wolitti hodhante ta gama kaanii irralle'etti akkasuma tolchi. \v 5 Irga qoola woya'aa ka wolitti hodhamanee ka qaraatitti qubeelee shantama, ka lammeesso'oo irralle'etti qubeelee shantama, ta moggaa gama lamaaniituu fuullee wolitti galchii itti naqi. \v 6 Achiin duuba Dunkaaniin Woyyittiin takkattii akka teetu, qoola woya'aa ta wolitti hodhamane san wolitti qassiisiisaaf hookkoo worqi'ii shantama huji. \p \v 7 «Dunkaanii Woyyittii san akka gollanuuf, gollaa rifeensa re'e'ee irraa hujame kudhanii tokko huji. \v 8 Gollaan kudhanii tokko sun tokko tokkoon isaaniituu dheerinni isaanii ciqilee soddoma, badhinni isaanii ciqilee afur, marti isaaniituu wol qixa te'anuu ti. \v 9 Gollaa shanan wolitti qassiisii hodhi; jaan hafane kaanille gara kaaniin wolitti qassiisii hodhi. Gollaa jayeesso'oo Dunkaanii Woyyittii fuula duraan irra dachaasi. \v 10 Irga gollaa wolitti hodhamane ka qaraatitti qubeelee shantama, ka lammeesso'oo irralle'etti qubeelee shantama itti hodhi. \v 11 Hookkoo sageettu'uu shantama hujiitii, gollaa gama lamaanii san wolitti qassiisiisaan Dunkaanii Woyyittii takkattii akka teetu hookkoo san qubeelee shantama san keessa galchi. \v 12 Gollaan Dunkaanii Woyyitti'ii irraa hafe gamsi isaa gara duubaatiin gad rarra'uu ti. \v 13 Gara dheerinnaatiin, gollaan hafe gara lamaaniinuu, ciqileen tokko tokko Dunkaanii Woyyittii irra gad rarra'uu ti. \v 14 Gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame irraa Dunkaanii Woyyittii saniif irbuusa huji; ka dhibiille gogaa hoolee galaanaa irraa hujiitii irra buusi. \p \v 15 «Mikikkiloota Dunkaanii Woyyittii ol dhaabbachiisanu muka gololchaa irraa huji. \v 16 Dheerinni mikikkiloota sanii ciqilee kudhan, badhinni isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakkaa te'anuu ti. \v 17 Mikikkilooti Dunkaanii Woyyitti'ii sun akka wol keessa seenanu qaccee irratti gaafa lama ka cinaa wolii jiru huji; akka kanaan mikikkiloota Dunkaanii Woyyitti'ii mara huji. \v 18 Dunkaanii Woyyittii cinaa gara kibbaatiif mikikkiloota diddama huji. \v 19 Mikikkiloota diddama saniif shafee meetii irraa hujante afurtama huji; gaafoti lama ka mikikkila tokkoo akka keessa seenanuuf shafee lama lama huji. \v 20 Dunkaanii Woyyittii san cinaa gara kaabaatiif mikikkiloota diddama huji. \v 21 Mikikkiloota diddama saniif, shafee meetii irraa hujante afurtama hujiitii, mikikkila tokko tokko jala shafee lama lama keyi. \v 22 Dunkaanii Woyyittii cinaa gara aduun seentuutiif mikikkila jaa huji. \v 23 Roga irga irgaatiif mikikkila lama lama huji. \v 24 Roga lamaan kana irratti mikikkilooti kun jalaa haga gubba'aatitti lama lama te'anee, qubee takkattii keessa seenuu qaban. Gara lamaaniinuu akkasuma te'uu qaba. \v 25 Maarre mikikkiloota saddeetii fi shafee meetii irraa hujante kudhanii jaatti achi jira; mikikkila tokko tokkoofuu shafee lama lamatti itti keyama. \p \v 26 «Muka gololchaa\f + \fr 26:26 \fr*\fqa Muka gololchaa: \fqa*\ft Muki gololchaa kun gosa muka waaccu'uu hedduu keessaa tokko. Inni akka malee jabaa waan te'eef ijaarsaaf barbaachisa'a.\ft*\f* irraa danqaraa shanan mikikkiloota cinaa gara tokkootiif, \v 27 shan mikikkiloota cinaa gara kaaniitiif, shanan hafane mikikkiloota gara seensa adu'uu jiranuuf huji. \v 28 Danqaraan wodhakka'aa, mikikkiloota wodhakkaa cinaa kaan irraa haga cinaa gara kaaniititti fulla'uu ti. \v 29 Mikikkiloota san worqii itti gonfi; danqarooti sun akka keessa seenanu qubeelee worqi'ii huji; danqaroota sanille worqii itti gonfi. \p \v 30 «Dunkaanii Woyyittii san akka ani gaara irratti sitti mudhise sanitti dhaabi. \p \v 31 «Gollaa liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diimaa irraa wolitti fowamee dhowanteen huji. Nami hujii harkaa beeku, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti hujuu ti. \v 32 Hookkoo worqii irraa hujame ka utuboota muka gololchaa ka worqiin itti gonfanteertu irra jiranu irratti fannisiitii, shafee meetii irraa hujame irra dhaabi. \v 33 Gollaa san hookkota san irratti fannis. Saanduqa Gondooro'oo gollaa san gara duubaatiin keyi; Gollaan sun addee irra caalaa woyyitti'ii fi addee woyyittii gargar qooda. \v 34 Qadaaddaa addee gumaa cubbu'uu, Saanduqa Gondooro'oo ka Addee Irra Caalaa Woyyittii san keessa jiru irra keyi. \v 35 Xarapheessaa addee irra caalaa woyyitti'iin ala Dunkaanii Woyyittii keessa gara kaabaatiin keyiitii, waan issaa irra keyanu fuullee isaa gara kibbaatiin keyi. \p \v 36 «Seensuma Dunkaanii Woyyitti'iitiif, gollaa liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diimaa irraa nama hujii harkaa beekuun wolitti fowamee dhowame keyi. \v 37 Gollaa kanaaf hookkoo worqi'iitii fi utubaa muka gololchaa shan ka worqii itti gonfame huji. Utuboota kanaaf shafee sageettu'uu shan tumi. \c 27 \s1 Addee Ciinca'aa \p \v 1 «Addee ciinca'aa muka gololchaatiin ijaari. Dheerinni isi'ii ciqilee shan, badhinni isi'iille ciqilee shan, hojjaan isi'ii ciqilee sad te'uu ti. Cinaan isi'ii martinuu wol qixxee te'uu qaban. \v 2 Gaafotii fi addeen ciinca'aa tokko akka te'anu roga isi'ii arfanuu irratti gaafota itti baasiitii, sageettuu itti gonfi. \v 3 Okkotee daadhaa itti haranu, waan ibidda irratti bobeessanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, filaa foonii sageettuu irraa huji. \v 4 Waan akka meemme'ee ka cilee qabatee daadhaa gad harcaasu sageettuu irraa itti huji; roga waan akka meemme'ee san arfanuu irratti qubeelee sageettu'uu itti huji. \v 5 Haga hidha addee ciinca'aa ol akka dheerattu, waan akka meemme'ee san xiyyoo isi'ii jala keyi. \v 6 Addee ciinca'aa san akka ittiin ba'atanu, danqaraa muka gololchaa hujiitii sageettuu itti gonfi. \v 7 Yennaa addee ciinca'aa san ba'atanu danqaroota gama lamaan qubeelee san keessa loosi. \v 8 Akkuma ani gaara irratti sitti mudhise sanitti, addee ciinca'aa falaxaa irraa boollessii huji. \s1 Dalleya Badhinna Dunkaanii Woyyitti'ii \p \v 9 «Badhinna Dunkaanii Woyyitti'iititti dalleya ijaari; dalleenni sun gollaa quncee talba'aa dansaa irraa fowamee hujame qabaatuu ti; dalleenni sun gara kibbaatiin ciqilee dhibba dheeratee, \v 10 utuboota shafee sageettu'uu qabu diddama ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabu qabaatuu ti. \v 11 Gara kaabaatille'een akkuma kana ciqilee dhibba dheeratee, utuboota shafee sageettu'uu qabu diddama ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabu qabaatuun hujamuu ti. \p \v 12 «Badhinni dalleya keessaa sun gara seensa adu'uutiin, ciqilee shantama badhatee, golla'aa fi utuboota kudhan shafee kudhan qabanu qabaatuu ti. \v 13 Dhuma gara ila boru'uu, karaa aduun baatuun, ciqilee shantama badhatuu ti. \v 14 Dheerinni golla'aa seensuma irraa gara tokkoon ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qabaatuu ti. \v 15 Akkasuma seensuma irraa gara kaaniin dheerinni golla'aa ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qabaatuu ti. \p \v 16 «Seensuma gara badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'ii saniif, gollaa ciqilee diddama dheeratu, ka liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diimaa irraa nama hujii harkaa beekuun wolitti fowamee dhowame, utuboota afur ka shafee afur qabanu qopheessi. \v 17 Utubooti naannoo badhinna dalleya keessaa sanii marti qubeelee meetii irraa hujante, hookko'oo fi shafeelee sageettuu irraa hujante qabaatanuu ti. \v 18 Dheerinni badhinna dalleya keessaa sun ciqilee dhibba, badhinni isaa ciqilee shantama te'uu ti; gollaa quncee talba'aa dansaa irraa hujame ka hojjaan isaa ciqilee shaniitii fi shafee meetii irraa hujamane qabu te'uu ti. \v 19 Mey Dunkaanii Woyyittii keessatti tajaajila adda addaa kennu marti, chikaalli Dunkaanii Woyyitti'iitii fi chikaalli badhinna dalleya keessaa marti ka sageettuu irraa hujamane te'anuu ti. \s1 Zayitii Ifaaf Barbaachisu \p \v 20 «Ifi yennaa mara akka ifu, Israa'elooti zayitii ejersaa qulluu akka sii fidanu ajaji. \v 21 Aaronii fi ilmaan isaa Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti, gollaa Dunkaanii Dhugaa Bayaa fuula dura jiruun alatti ifi galgalaa haga ganamaatitti ana Mootii Waan Maraa duratti akka ifu godhanuu ti. Kun Israa'eloota oddu'utti dhaloota dhufuuf seerata bara baraa te'uu ti. \c 28 \s1 Woyaa Hayyootaa \p \v 1 «Hayyoota te'anee akka na tajaajilanu, kolbaa Israa'elii keessaa obboleessa keeti Aaron, ilmaan isaa Naadaab, Abiihuu, Ele'azaar fi Itaamaar woliin gara keeti dhikeessi. \v 2 Kabajja'aa fi ulfinna isaatiif, obboleessa keeti Aaroniif woyaa woyyumma'aa huji. \v 3 Maarre akka inni hayyicha te'ee na tajaajilu, isa adda baasiisaaf, Aaroniif woyaa akka hujanu, worra ani ogummaa kenneeruuf maratti himi. \v 4 Woyaan isaan hujanu: kiisii qomaa, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, qoloo, qoloo haga miilaa dheerattu, marata mata'aatii fi hiitu'u. Obboleessi keeti Aaronii fi ilmaan isaa hayyoota te'anee akka na tajaajilanu, woyaa woyyumma'aa isaaniif hujanuu ti. \v 5 Isaan woyaa san worqii, liilana bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee, ka bifa diimaa ka quncee talba'aatiin hujanuu ti. \p \v 6 «Worri hujii harkaa beeku sun woyaa hayyumma'aa ta qomaa worqi'iin, liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka wolitti fowameen hujanuu ti. \v 7 Gurmuu lamaan irra hiituu lama ta qaccee duraa fi duubaa lama wolitti hiitu qabaattuu ti. \v 8 Hiituun worra hujii harkaa beekuun hujante sun, akkuma woyaa hayyumma'aa ta qomaa san worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aan wolitti fowantee hujantee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa woliin tokko teetee, wolitti qassiifantee hujantuu ti. \p \v 9 «Ati dhakaa gatii guddo'oo lama fuudhiitii, maqaa ijoollee Yaaqoobii kudhanii lamaa irratti qiriixi; \v 10 akkuma tarree dhaloota isaaniititti, dhakaa tokkocha irratti maqaa jaa, ka hafe jaan dhakaa kaan irratti qiriixi. \v 11 Akkuma nama chaappaa qiriixuu atille maqaa ijoollee Yaaqoobii dhakaa lamaan san irratti qiriixi; achiin duuba dhakoota san, seesa xiyyoo worqi'ii ka daraaraa fakkaatu keessa galchi. \v 12 Yaadannoo ijoollee Yaaqoobii akka te'u, dhakaa lamaan san, fannoo woyaa hayyumma'aa ta qomaa irratti qassiisi. Ani Mootiin Waan Maraa yennaa mara kolbaa tiyya akka yaadadhu, Aaron maqaa isaanii gurmuu ifii irratti ba'atuu ti. \v 13 Ati xiyyoo seesa worqi'ii ta daraaraa fakkaattu hujiitii, \v 14 haachaba worqii qullu'uu, ka akka wodaro'oo fowame lama hujiitii, xiyyoo seesa worqi'ii ka daraaraa fakkaatu saniin wolitti qassiisi. \s1 Kiisii qomaa \p \v 15 «Kiisii qomaa ta mey fedha kiyya ittiin gaafatanu keessa tee'u, akka nami hujii harkaa beeku huju huji. Akkuma woyaa hayyumma'aa ta qomaa worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aan wolitti fowantee dhowantee san huji. \v 16 Kiisiin sun dheerinni isi'ii taakkuu tokko, badhinni isi'iille taakkuu tokko teetee, dachaafantee rogi isi'ii arfanuu wolqixa te'uu ti. \v 17 Achiin duuba isii irratti dhakaa gatii guddo'oo tarree afuriin itti maxxansi; tarree qaraatitti dhakaan gatii guddo'oo saardiyon, tophaaziyon fi simaaragidos, \v 18 tarree lammeesso'ootitti kaarbunkil, safiirosii fi Yaasphis, \v 19 tarree sadeesso'ootitti Hiiyaakinxos, kaalqedon, ametiisxos, \v 20 tarree arfeesso'ootitti kirisoliixos, sardoniikis fi beerilos seesa xiyyoo worqi'ii ta daraaraa fakkaattuun itti maxxansi. \v 21 Gosa Israa'elii kudhanii lamaaf qaabbii akka te'u, dhakoota gatii guddo'oo kudhanii lamaan san irratti, maqaan ilmaan Yaaqoobii kudhanii lamaa ka tokko tokkootuu akka chaappa'aa irratti qiriixamuu ti. \p \v 22 «Kiisii qomaa saniif seesa haachaba worqii qullu'uu, ka akka wodaro'oo fowame huji. \v 23 Qubeelee worqi'ii lama hujiitii roga kiisii qomaa san lamaanitti qassiisi. \v 24 Seesa haachaba worqii qullu'uu lamaan san, qubeelee lama ta roga kiisii qomaa irra jirtu saniin wolitti qassiisi. \v 25 Qaccee seesa haachabootaa san lamaan, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gara duraatiin jirtu ta gurmuu irra qaxxaamurtu keessa galchiitii, xiyyoo seesa worqi'ii lama ta daraaraa fakkaatu saniin wolitti qassiisi. \v 26 Qubeelee worqi'ii lama hujiitii, roga lama ka kiisii qomaa ka dhibi'iititti, qaccee kiisii qomaa ta gara keessaa ta woyaa hayyumma'aatitti aantee jirtutti qassiisi. \v 27 Ammalle qubeelee worqi'ii ta dhibii lamaan hujiitii, gara duraatiin, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gurmuu irra qaxxaamurtu gara jalaatiin addee hiituun woyaa hayyumma'aa ta qomaa wolitti hodhanteertuun gubba'atti qassiisi. \v 28 Qubeelee kiisii qomaa irra jirtu, kiisiin qomaa woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin akka wol gad hin lakkinne, hiitu'uun wolitti qassiisiisaan, liilana bifa cuquliisaatiin qubeelee woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin wolitti hidhi. \p \v 29 «Aaron yennaa gara addee woyyitti'ii seenu, yennuma mara ana Mootii Waan Maraa duratti akka isaan ittiin yaadatamanu, maqaa ilmaan Yaaqoobii kiisii qomaa, ta mey fedhii tiyya ittiin gaafatanu keessa jiru keessatti qoma ifii irratti ba'atuu ti. \v 30 Uriimii fi tumiimille\f + \fr 28:30 \fr*\fqa Uriimii fi tumiim: \fqa*\ft Meya hayyooti Yihudootaa fedhii Waaqaa ittiin gaafatanu.\ft*\f* kiisii qomaa san keessa hin keetta; maarre Aaron gara addee woyyittii fuula ana Mootii Waan Maraa dura yennaa seenu, Uriimii fi tumiim kiisii qomaa san keessa keyatee, qoma ifii irratti ba'atuu ti. \s1 Woyaa Hayyootaa Ta Dhibii \p \v 31 «Qoloon woyaa hayyumma'aa ta qomaa woliin uffatanu guutumatti bifa cuquliisaa teetuu ti; \v 32 Gara gubba'aa wodhakkaa isi'iitiin qowa mataan seenu qabaattuu ti; qowi sun akka hin tarsaane goodamuu ti. \v 33 Irga handaara isaatitti fakkii midhaan muka rumaanii ta bifa cuquliisaa, ta bifa dhiille'eetii fi ta bifa liilana diima'aa hujiitii odduu odduu isaaniititti bilbila worqi'ii itti hidhi. \v 34 Bilbilli worqi'iitii fi fakkiin midhaan muka rumaanii irga handaara qolo'ootitti tarreessi; tarreen isaalle bilbila worqi'ii, fakkii midhaan muka rumaanii te'anee handaara qolo'oo irratti naanneffaman. \v 35 Aaron yennaa tajaajilu qoloo tana uffatuu ti; inni ana Mootii Waan Maraa dura addee woyyittii yennaa seenuu fi yennaa gad bawu akka hin duuneef qililleettiin bilbilaa dhage'amuu ti. \p \v 36 «Kallacha worqii qullittii irraa hujiitii, ‹Ka Mootii Waan Maraatiif Woyyoome› jedhiitii akka chaappaa irratti qiriixanu irratti qiriixi. \v 37 Marata mata'aatitti qassiisiisaaf liilana bifa cuquliisaa itti hidhi. Marata san irratti gara fuula duraatiin te'uu ti. \v 38 Aaron kallacha san adda ifii irratti keyatuu ti; Aaron yakkaa kennansa woyyicha kolbaan Israa'elii naaf adda baachee dhikeessitu keessa jirtu hin ba'ata. Kolbaan Israa'elii ana Mootii Waan Maraa duratti fudhatama akka qabaattu kallachi sun yennaa mara adda Aaronii irra jiraatuu ti. \p \v 39 «Qoloo haga miilaa dheerattuu fi marata mata'aa quncee talba'aa dansa'aan huji; hiituun sunille ta nami hujii harkaa beeku huje teetuu ti. \p \v 40 «Ilmaan Aaronii kabajja'aa fi ulfinna akka qabaatanu, qoloo haga miilaa dheerattu, hiitu'uu fi gullee mata'aa isaaniif huji. \v 41 Woyaa tana obboleessa keeti Aaronii fi ilmaan isaatitti uffitteen duuba, isaan muudiitii hayyoota tolchi; hayyoota te'anee akka na tajaajilanu isaan woyyoonsi. \p \v 42 «Nafi isaanii ka hilaa akka hin mudhanne, quncee talba'aa irraa mutaandii woyaa jalaan hidhatanu ta hidha irraa kaatee haga gudeedaa geettu isaaniif huji. \v 43 Nafi isaanii ka hilaa mudhatee isaan akka hin duuneef, Aaronii fi ilmaan isaa yennaa gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenanu yookiin tajaajiliisaaf gara addee woyyitti'ii seenanee gara addee ciinca'aa yennaa dhikaatanu mara mutaandii woyaa jalaan hidhatanu tana hidhatanuu ti. \p «Kun Aaronii fi sanyii isaatiif seerata bara baraa te'uu ti. \c 29 \s1 Muudamiisa Hayyootaa \p \v 1 «Aaronii fi ilmaan isaa hayyoota te'anee akka na tajaajilanu, isaan woyyoonsiisaaf wonni ati tolchitu kana: Dardara tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qanne fuudhi. \v 2 Bullaa qamadi'ii dansaa ta uukoo hin qanne irraa daabboo, bixee zayiti'iin sukkuumantee fi bixee hephellittii zayitiin irra dibante hujiitii, \v 3 saaxaraa keessa keyiitii, kormaa fi korbeeyyii hoole'ee lama woliin naaf dhikeessi. \v 4 Achiin duuba Aaronii fi ilmaan isaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa fidiitii, nafa isaanii bisaaniin dhiqi. \v 5 Woyaa hayyootaa fuudhiitii, qoloo haga miilaa dheerattu, qoloo woyaa hayyumma'aa woliin uffatanu, woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi kiisii qomaa Aaronitti uffisi. \v 6 Marata mata'aa itti mariitii, kallacha worqii irraa hujame marata mata'aa sanitti qassiisi. \v 7 Zayitii muudaa fuudhiitii, mataa isaa irratti dhangalaasii isa muudi. \v 8 Ilmaan isaa fidiitii qoloo haga miilaa dheerattu itti uffisi. \v 9 Hidha Aaroniitii fi ilmaan isaatitti hiituu hidhi; maratalle mataa isaaniititti mari. Akka kanaan Aaronii fi ilmaan isaa hayyoota akka te'anu godhi. Hayyummaan seera bara baraa isaaniif teetuu ti. \p \v 10 «Dardara Dunkaanii Woldeenna'aa dura fidiitii, Aaronii fi ilmaan isaa mataa isaa irra harka akka keyanu godhi. \v 11 Dardara san seensuma Dunkaanii Wolgeyi'iititti Mootii Waan Maraa duratti qali. \v 12 Dhiiga korma sanii irraa diqqaa isaa fuudhiitii, quba keetiin gaafota addee ciinca'aa dibi. Ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaasi. \v 13 Achiin duuba moora meya gadha'aa, qaccee tiru'uutii fi kalattii lamaanuu moora isii irra jiru woliin fuudhiitii addee ciinca'aatitti ciincessi. \v 14 Foon dardaraa, gogaa isaatii fi meya gadha'aa ka isaa addee quttumaatiin alatti gubi. Kun ciincaa araara cubbu'uutiif dhikaatu. \p \v 15 «Korbeeyyii hoole'ee lamaan san keessaa tokkocha fuudhii, Aaronii fi ilmaan isaa mataa isaa irra harka ifii akka keyanu godhi. \v 16 Korbeessa san qaliitii, dhiiga isaa fuudhiitii cinaa addee ciinca'aa arfanittuu fiffixi. \v 17 Foon korbeessaa san kukkuttii, meya gadha'aatii fi luka isaa dhiqiitii, mata'aa fi foon kukkutame kaan woliin keyi. \v 18 Achiin duuba foon korbeessaa san mara addee ciinca'aa irratti gubi; kun kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu. \p \v 19 «Korbeessa hoole'ee kaanille fuudhiitii, Aaronii fi ilmaan isaa mataa isaa irra harka ifii akka keyanu godhi. \v 20 Korbeessa san qaliitii, dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhiitii, qaccee gurra Aaronii ka gara middaatii fi gurra ilmaan isaa ka gara middaa, quba isaanii abguddicha\f + \fr 29:20 \fr*\fqa Quba abguddicha: \fqa*\ft Quba arguddicha worri jedhulle hin jira.\ft*\f* ka harka middichaatii fi quba isaanii abguddicha ka miila middichaa dibi; ka hafe cinaa addee ciinca'aa arfanittuu fiffixi. \v 21 Dhiiga addee ciinca'aa irraa diqqaa isaatii fi zayitii muudaa irraa diqqoo isi'ii fuudhiitii Aaronii fi woyaa isaatitti, ilmaan isaatii fi woyaa isaaniititti fiffixi. Achiin duuba Aaronii fi woyaan isaa, ilmaan isaatii fi woyaan isaanii hin woyyooman. \p \v 22 «Korbeessa hayyuu ittiin te'anu waan te'eef, korbeessa san irraa: cooma duma isaa, moora meya gadha'aa, qaccee tiru'uu, kalattii lamaanuu moora isi'ii woliin, luka gara middaa fuudhi. \v 23 Saaxaraa daabboo uukoo hin qannee ta Mootii Waan Maraa dura jirtu keessaa xaltaa, bixee zayiti'iin sukkuumantee fi bixee hephellittii fuudhi. \v 24 Kana maraa harka Aaroniitii fi ilmaa isaa irra keyiitii kennansa tachoofamu godhiitii ana Mootii Waan Maraa duratti tachoosi. \v 25 Achiin duuba harka isaanii irraa fuudhiitii addee ciinca'aa irratti, kennansa gubamu woliin gubi. Kun kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu. \v 26 Yennaa Aaron hayyuu te'u cormii korbeessa hoole'ee fuuteen duuba, kennansa tachoofamu godhiitii ana Mootii Waan Maraa duratti tachoosi. Kun qooda keeti hin te'a. \p \v 27 «Aaronii fi ilmaan isaa yennaa hayyoota te'anu, cormii tachoofantee fi luka korbeessa hoole'ee ta dhikaatte san woyyoonsi. \v 28 Kennansa tokkumma'aa ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu keessaa, kun yennaa mara qooda Aaroniitii fi ilmaan isaa te'uu ti. \p \v 29 «Aaron du'een duuba woyaa isaa woyyittii san akka muudantee hayyuu ittiin teetu sanyiin isaa uffattuu ti. \v 30 Ilmi addee isaatitti hayyuu te'ee addee woyyittii keessa tajaajilaaf gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenu guyyaa torba uffatuu ti. \p \v 31 «Foon korbeessa hoole'ee ka yennaa isaan hayyuu te'anu qalame san fuudhiitii addee woyyitti'itti iffeeli. \v 32 Aaronii fi ilmaan isaa foon korbeessaa sanii fi daabboo saaxaraa keessaa san seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti nyaatanuu ti. \v 33 Isaan kennansa yennaa isaan hayyuu te'anu gumaa cubbu'uutiif dhikaate san nyaatanuu ti; kennansi kun woyyuu waan te'eef, nami dhibiin hin nyaatin. \v 34 Foon korbeessa yennaa isaan hayyuu te'anu qalamee yookiin daabboon hattee yoo bulte gubi; sagalee woyyittii waan teeteef hin nyaatamin. \p \v 35 «Seera isaan hayyoota ittiin te'anu guyyaa torba keessatti muummessiisaan, Aaronii fi ilmaan isaatiif, waan ani si ajaje mara tolchi. \v 36 Gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, guyyuma guyya'aan dardara tokko araara cubbu'uutiif ciincessi. Gumaa cubbu'uu tolchiisaan addee ciinca'aa qulqulleessiitii, isii woyyoonsiisaaf muudi. \v 37 Guyyaa torba addee ciinca'aatiif gumaa cubbu'uu tolchiisaan isii woyyoonsi. Achiin duuba addeen ciinca'aa sun irra caalaa woyyittii hin teeti; wonni isii tuqu marti woyyuu hin teeti. \s1 Kennansa Guyyuma Guyya'aan Dhikaatu \r (Lak. 28:1-8) \p \v 38 «Yennaa mara guyyuma guyya'aan buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo lama addee ciinca'aa irratti ciincaa dhikeessi. \v 39 Buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ganama, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko galgala ciincaa dhikeessi. \v 40 Buruusoo korbeessa hoole'ee ka qara dhikaatu woliin bullaa qamadi'ii dansaa kiiloogiraama tokko ta zayitii ejersaa qullittii litirii tokkoon sukkuumantee fi kennansa daadhii woyni'ii litirii tokko dhikeessi. \v 41 Buruusoo korbeessa hoole'ee kaan akkuma buruusoo korbeessa hoole'ee ka qaraa kaanitti kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii woliin kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu, ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhiitii, galgala dimimmisa ciincaa dhikeessi. \p \v 42 «Kennansi gubamu kun dhaloota dhufuufille seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti ana Mootii Waan Maraa duratti yennaa mara dhikaata. Ani achitti si'iin wol dhaggee, si'itti hin dubbadha. \v 43 Ani achitti Israa'elootalle'een wol hin dhagga; addeen sunille ulfinna kiyyaan hin woyyoonti. \p \v 44 «Maarre ani Dunkaanii Woldeenna'aatii fi addee ciinca'aa hin woyyoonsa; Aaronii fi ilmaan isaalle hayyoota te'anee akka na tajaajilanu hin woyyoonsa. \v 45 Achiin duuba ani Israa'eloota odduu jiraadhee Waaqa isaanii hin te'a. \v 46 Odduu isaanii jiraatiisaaf biyya Gibxi'ii keessaa ka isaan baase ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii akka te'e hin beekan. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii ti. \c 30 \s1 Addee Ciinca'aa Ta Hixaana Itti ciincessanu \p \v 1 «Addee ciinca'aa ta hixaana itti ciincessanu muka gololchaatiin ijaari. \v 2 Dheerinni isi'ii ciqilee tokko, badhinni isi'ii ciqilee tokko, hojjaan isi'ii ciqilee lama te'ee, rogi arfanuu wol qixa te'uu ti. Roga arfanittuu gaafota itti baasi. \v 3 Gubbaa isi'iitii fi roga isi'ii mara, gaafota isi'iille worqii qulluu itti gonfi. Roga isi'ii irra naannessii xiyyoo worqi'ii itti huji. \v 4 Danqaraa keessa loosanee addee ciinca'aa ittiin ba'atiisaaf, qubee worqi'ii lama hujiitii xiyyoo jalatti gama lamaanittuu qassiisi. \v 5 Muka gololchaa irraa danqaraa hujiitii worqii itti gonfi. \v 6 Addee ciinca'aa san gollaa Saanduqa Gondooro'ootiin duratti fannifameeruun fuula dura, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ka Saanduqa Gondooro'oo irra jiru addee ani si'iin wol dhaggu san dura keyi. \p \v 7 «Aaron yennaa issaa qopheessu, ganama ganama addee ciinca'aa irratti hixaana foolee dansaa qabu aarsuu ti. \v 8 Inni galgala dimimmisa yennaa issaa issu, hixaana aarsuu ti; maarre hixaanni dhaloota dhufuuf, ana Mootii Waan Maraa duratti yennaa mara hin aarfama. \v 9 Addee ciinca'aa tana irratti hixaana dhooggame hin aarsin yookiin kennansa gubamu yookiin kennansa midhaanii hin dhikeessin; kennansa daadhii woyni'iille irratti hin dhibaasin. \v 10 Aaron wogga'atti yennaa tokko, gumaa cubbu'uu gaafota isi'ii irratti tolchuu ti. Gumaan araara cubbu'uu ka wogga'atti tolfamu kun dhiiga araaraa cubbu'uu woliin dhaloota dhufu maraaf tolfamuu qaba. Gumaan kun ana Mootii Waan Maraatiif irra caalaa woyyicha» jedhe. \s1 Beesee Gumaa Araara Cubbu'uu \p \v 11 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, \v 12 «Ati kolbaa Israa'elii yennaa laakkottu, isaan yennaa laakkowamanu, balaan akka isaanitti hin buune, wodoo lubbuu ifii ana Mootii Waan Maraatiif kaffalanuu ti. \v 13 Worri laakkossatti dabalamu martinuu akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti meetii gara giraama kudhanii tokkoo\f + \fr 30:13 \fr*\fqa Gara giraama kudhanii tokkoo: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa gamisa sheeqeli'ii \fqa*\ft jedha.\ft*\f* kennuu ti. Kennansi kun ana Mootii Waan Maraatiif kennama. \v 14 Worri laakkossatti dabalamu marti, ka woggaa diddamaatii fi woggaa diddamaa olii, kennansa naaf kennanuu ti. \v 15 Gumaa araara cubbuu teessaniitiif, kennansa ana Mootii Waan Maraatiif yennaa kennitanu, dureessichi meetii gara giraama kudhanii tokkoo caalaa, hiyyeessille meetii gara giraama kudhanii tokkoo hanqisee hin kennin. \v 16 Beesee gumaa cubbu'uu tana Israa'eloota irraa fuudhiitii tajaajila Dunkaanii Woldeenna'aa irra oolchi. Lubbuu teessaniif gumaa cubbu'uu tolchiis kun isin Israa'elootaaf ana Mootii Waan Maraa duratti yaadannoo hin te'a» jedhe. \s1 Gabataa Itti dhiqatanu \p \v 17 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, \v 18 «Akka itti dhiqatanu, gabataa itti dhiqatanuu fi waan isa irra keyanu sageettuu irraa hujiitii wodhakkaa Dunkaanii Woldeenna'aatii fi addee ciinca'aa keyiitii, bisaan itti naqi. \v 19 Aaronii fi ilmaan isaa bisaan saniin harkaa fi miila ifii dhiqatanuu ti. \v 20 Isaan yennaa Dunkaanii Woldeenna'aa seenanu akka hin duune bisaan saniin dhiqatanuu ti. Isaan kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaan tajaajiliisaaf gara addee ciinca'aa yennaa dhikaatanulle, \v 21 akka hin duuneef harkaa fi miila ifii bisaan saniin dhiqatanuu ti. Kun dhaloota dhufuuf, Aaronii fi sanyii isaatiif seerata bara baraa te'uu ti» jedhe. \s1 Zayitii Muudaa \p \v 22 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, \v 23 «Uddowaa dansaa: fiqiree qumbi'ii gara kiiloogiraama jaa, qarafaa gara kiiloogiraama sadii, marra uddowu gara kiiloogiraama sadii, \v 24 dakkara gara kiiloogiraama jaa fuudhiitii akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti, zayitii ejersaalle gara litirii afurii itti ede'iitii, \v 25 akka fiqiree worri hujii isi'ii beeku hujuu godhiitii zayitii muudamaa woyyittii huji. Isiin zayitii muudamaa woyyittii hin teeti. \v 26 Achiin duuba Dunkaanii Woldeenna'aatii fi Saanduqa Gondooro'oo, \v 27 xarapheessa'aa fi meya isaa mara, waan issaa irra keyanuu fi meya isi'ii mara, addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamu, \v 28 addee ciinca'aa ta kennansa gubamuutii fi meya isi'ii mara, akkasuma gabataa itti dhiqatanuu fi waan isa irra keyanu dibi. \v 29 Akka isaan irra caalaa woyyoomanu ati isaan woyyoonsi; isaanille irra caalaa woyyuu hin te'an; ka isaan tuqe marti woyyuu hin te'a. \v 30 Hayyoota te'anee akka na tajaajilanu Aaronii fi ilmaan isaa muudiitii woyyoonsi. \p \v 31 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Tun dhaloota dhufuuf zayitii woyyittii tiyya ta muudamaa ti. \v 32 Zayitii tana nama mara irratti hin dhangalaasina'a. Zayitii akka kanaa ta dhibiille hin hujina'a; isiin woyyitti'i; akka isiin woyyuu teetelle qalbeeffadha'a. \v 33 Nami zayitii akka kanaa ta dhibii hujee, hayyoota malee nama dhibii muude marti, kolbaa ifii keessaa bawuu ti› jedhi» jedhe. \s1 Hixaana Qopheessuu \p \v 34 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Uddowaa dansaa: ceem'aa\f + \fr 30:34 \fr*\fqa Ceem'aa mukaa: \fqa*\ft Hambee mukaa worri jedhulle hin jira.\ft*\f* muka uddowuu, uddowaa muka adda addaa irraa dhaggamu, aanan muka uddowuutii fi hixaana muka hin qanne ka madaalliin isaanii wol qixxee te'ane fuudhiitii, \v 35 akka fiqiree worri hujii isi'ii beeku hujuu, atille soodda itti naqiitii hixaana qulluu woyyicha qopheessi. \v 36 Isa irraa diqqaa isaa daakii bulleessiitii, Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa addee ani si'iin wol dhaggu Saanduqa Gondooro'oo fuula dura keyi; inni irra caalaa woyyuu si'iif te'a. \v 37 Hixaana akkasii ifiif hin qopheeffatin; inni ana Mootii Waan Maraatiif woyyuu akka te'e qalbeeffadhu. \v 38 Nami ittiin gammadiisaaf hixaana akkasii hujate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti» jedhe. \c 31 \s1 Bazaali'elii Fi Aholiiyaab \p \v 1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een \v 2 «Kunoo, ani gosa Yihuda'aa keessaa akaakoo Huurii, ilma Urii Bazaali'el filadhee, \v 3 ogumma'aan, dandeetti'ii fi beekkumsaan hujii harkaa mara akka huju Ayyaana kiyyaan isa guuteera. \v 4 Inni akka itti worqii, meeti'ii fi sageettuu hujanu karoora hin baasa. \v 5 Inni dhakaa dhodhoosee qiriixee, mukalle bocee xabbee, hujii harkaa mara hin huja. \v 6 Ammalle, gosa Daanii keessaa ilma Ahisamaakii Aholiiyaab akka isa qarqaaru fileera; waan ani si ajaje mara akka hujanu, worra hujii harkaa beeku maraafille ani ogummaa kenneera. \v 7 Dunkaanii Woldeenna'aa, Saanduqa Gondooro'ootii fi qadaaddaa araarri cubbu'uu irra keyamu ka isii irra jiru, meya Dunkaanii Woldeenna'aa mara, \v 8 xarapheessa'aa fi meya isaa mara, waan issaa irra keyanu ka worqii qulluu irraa hujamee fi meya isi'ii mara, addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamu, \v 9 addee ciinca'aa ta kennansa gubamuutii fi meya isi'ii mara, gabataa itti dhiqatanuu fi waan gabataan sun irra keyamu, \v 10 woyaa kuulante woyyittii ta Aaronii fi ilmaan isaa yennaa hayyumma'aan tajaajilanu uffatanu, \v 11 zayitii muudaa, addee woyyitti'iifille hixaana uddowu akkuma ani si ajajetti hujanuu ti» jedhe. \s1 Sanbata \p \v 12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 13 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Guyyaa Sanbataa kiyya eeggadha'a. Ani Mootii Waan Maraa ka isin woyyoonsu akka te'e akka beettanuuf, dhaloota dhufu mara keessatti Sanbati kun anaa fi isin wodhakka'atti beessisa hin te'a. \v 14 Guyyaan Sanbataa isiniif woyyuu waan te'eef, Sanbata eeggadha'a. Nami Sanbata eegatuu dhabe ijjeefamuu ti; guyyaa san nami hujii huju marti kolbaa ifii keessaa bawuu ti. \v 15 Guyyaa jaa hujii teessan hujadha'a; guyyaan torbeesso'oo ammoo guyyaa ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome Sanbati guyyaa fooraa ti. Nami guyyaa Sanbataa hujii huje marti ijjeefamuu ti. \v 16 Kolbaan Israa'elii dhaloota dhufu mara keessatti, Gondooroo bara baraa gootee, guyyaa Sanbataa eeggatiisaaf jilifattuu ti. \v 17 Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa jaa keessatti gubba'aa fi lafa dadee, guyyaa torbeesso'oo ammoo hujii irraa hafuura fudhadhee foorfadhe; guyyaan kun anaa fi Israa'eloota wodhakka'atti haga bara baraa beessisa hin te'a› jedhi» jedhe. \p \v 18 Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti Muusee woliin dubbatee yennaa fixe, dhakaa baxxicha lamaan ka qubuma ifiitiin irratti barreesse san Muuse'etti kenne. \c 32 \s1 Fakkii Jabbi'ii Ta Worqii Irraa Hujante \r (Kes. 9:6-29) \p \v 1 Kolbaan sun Muuseen gaara irraa gad bu'iisa dhabee akka ture yennaa dhaggite, Aaronitti dachaatee, «Muuseen nu sooressee biyya Gibxi'ii keessaa nu baase sun maan akka te'e hin beennu; tanaaf ka'iitii waaqota nuun dura deemanu nuu huji» jedhaneen. \p \v 2 Aaronille deebisee, «Worqii gurraa ta dubartoota teessanii, ta ilmaan teessaniitii fi durra teessanii irraa baasa'aatii gara kiyya fida'a» jedheen. \v 3 Maarre kolbaan martinuu worqii gurraa ta ifii baafatanee gara Aaronii fidane. \v 4 Innille worqii san harka isaaniitii fuudhee, meya fakkii ittiin hujatanu keessatti baqisiisee, bifa itti baasee, fakkii jabbi'ii worqii irraa huje. Achiin duuba, kolbaan, «Ee Israa'el, waaqi keeti ka biyya Gibxi'ii keessaa si baase isa kana» jette. \v 5 Aaronille yennaa waan kana dhagge, fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujante san duratti, addee ciinca'aa ijaaree, «Boru Mootii Waan Maraatiif guyyaa jilaa te'uu ti» jedhee lallabe. \v 6 Maarre boruyyaa kolbaan ganamaan kaatee kennansa gubamu dhikeessitee, kennansa tokkumma'aalle kennite. Achiin duuba isaan nyaataa fi uniisatti gad tee'ane; sirba fokkisiisulle sirbiisatti ka'ane. \v 7 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een «Kolbaan teeti ta ati sooressitee biyya Gibxi'ii keessaa baatte waan gara baddeef, ka'ii gad bu'i. \v 8 Isaan waan ani isaan ajaje irraa goranee, worqii baqisiifante irraa waaqa dharaa ka fakkii jabbi'ii ifiif hujatanee isi'iif sagadane; ciincaalle isi'iif dhikeessanee, ‹Ee Israa'el, waaqi keeti ka biyya Gibxi'ii keessaa si baase isa kana› jedhane. \v 9 Ani kolbaa tana dhaggeera. Isaan worra mataa jabaatu. \v 10 Aariin tiyya isaan irratti bobeettee, akka ani isaan fixu ati na lakkisi. Achiin duuba ani gosa guddoo takka si hin tolcha» jedhe. \p \v 11 Muuseen ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa ifii daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti ta ati hunna guddo'oo fi irree jaddu'uun biyya Gibxi'ii keessaa baatte irratti aariin teeti maaf bobeetti? \v 12 Worri Gibxi'ii, ‹Mootiin Waan Maraa duruuyyuu yaada hama'aaf, gaara irratti isaan ijjeesee, lafa irraa isaan balleessiisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase› maaf jedhan ree? Ati aarii teeti ta bobeettu tana caffadhu; kolbaa teeti irralle'etti balaa hin buusin. \v 13 Tajaajiltoota teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob ta maqaa keetiin isaaniif kakattee, ‹Sanyii teessan akka urjii ol gubba'aa hin baceessa; lafa isiniif waadaa gale tana mara sanyii teessaniif hin kenna; latti sun haga bara baraa lafa isaan dhaalanu hin teeti› jette san qaabadhu» jedhe. \v 14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa aarii san caffatee, balaa kolbaa ifii irratti fidiisaaf yaadate san lakkise. \p \v 15 Muuseen dhakaa baxxicha lamaan ka gama lamaaniinuu seerri kudhan duraa fi duubaan itti barreeffameeru san harkatti qabatee, gaara irraa gad bu'e. \v 16 Dhakoota baxxicha kana ka huje Waaqa; dhakoota baxxacha kana irratti qiriixee ka seera kana barreesselle Waaqaayyu. \p \v 17 Iyaasuun hogaa caanca kolba'aa yennaa dhage'e, Muuse'een, «Addee quttumaa keessa caanca lolaatitti jira» jedhe. \p \v 18 Muuseelle deebisee, «Caanci ani dhage'e kun caanca sirbaati malee, caanca qeexalaa yookiin caanca bowichaatii moti» jedhe. \p \v 19 Muuseen gara addee quttumaatitti yennaa dhikaate, fakkii jabbi'iitii fi qeexala kolba'aa dhaggee, aaree bobe'ee, dhakaa baxxicha seerri irratti barreeffameeru san harka ifii irraa qolaansee, gaara jalatti caccasse. \v 20 Fakkii jabbi'ii ta isaan hujane san fuudhee ibiddaan gube. Achiin duuba daakee bulleessee, bisaanitti bittinneessee kolbaan Israa'elii akka untu godhe. \v 21 Inni Aaroniin, «Kolbaan tun maan si goonaan ati akka isaan cubbuu guddoo akkanaa hujanu goote?» jedhe. \p \v 22 Aaronille deebisee Muuse'een, «Goottaa kiyya, ati natti hin aarin; kolbaan tun hammeennaan akka qabanteertu atinuu hin beetta. \v 23 Isaan anaan, ‹Muuseen nu sooressee biyya Gibxi'ii keessaa nu baase sun maan akka te'e hin beennu; waaqota nuun dura deemanu nuu huji!› jedhane. \v 24 Maarre ani, ‹Nami faaya worqi'ii qaddanu marti baafadha'a› jedhee itti hime; achiin duuba isaan worqii san natti kennanee, anille worqii san ibidda keessa buusee, worqiin sun fakkii jabbi'ii teetee baate» jedhe. \p \v 25 Kolbaan seera malee jiraattee, diinoti isaanii akka isaanitti murganu, Aaron akka isaan gad lakkise, Muuseen dhagge. \v 26 Maarre inni seensuma addee quttumaa dura dhaabbattee, «Nami ka Mootii Waan Maraa te'e marti gara kiyya dhufuu ti!» jedhe; worri Lewwootaa marti gara isaa dacha'ane. \v 27 Achiin duuba inni, isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, ‹Nami tokko tokkooyyuu shallaagaa ifii hidhatee, addee quttumaa keessa cinaa tokko irraa haga cinaa taanii asii fi achi deemaa obboleessa ifii, jaala ifiitii fi ollaa ifii ijjeesuu ti› jedha» jedhe. \v 28 Lewwootille akkuma Muuseen isaan ajaje tolchane, guyyuma sanuu nami gara kuma sadii dhumate. \v 29 Achiin duuba Muuseen Lewwootaan, «Ilmaan teessanii fi obboleeyyan teessan irratti waan kaataneef adha Mootii Waan Maraatiif adda baataneertan, tanaaf inni adha isin eebbiseera» jedhe. \p \v 30 Guyyaa itti aanu Muuseen kolba'aan, «Isin cubbuu guddoo hujjaneertan; tanaaf ani amma gara Mootii Waan Maraa gara gaaraa ol hin baya; cubbuu teessaniif gumaa tolcha fa te'a» jedhe. \v 31 Maarre Muuseen gara Mootii Waan Maraa deebi'ee, «Aanne'e! Kolbaan tun cubbuu guddoo hujjeerti; worqii irraa waaqota hujanee waaqonfataneeran. \v 32 Amma ammoo, maganne'ee cubbuu isaanii, isaaniif araarami; yoo araaramuu dhadde ammoo kitaaba maqaa kiyya itti barreessite keessaa maqaa kiyya haqi» jedhe. \p \v 33 Mootiin Waan Maraa deebisee, Muuse'een, «Nama na duratti cubbuu huje qofa, ani maqaa isaa kitaaba kiyya keessaa haqa. \v 34 Amma dhaqiitii kolbaa san addee ani sitti hime san geessi! Ergamaan kiyyalle si'iin dura hin deema. Te'uu malee, yennaan ani isaan adabu yoo geette, cubbuu isaaniitiif, ani isaan hin adaba» jedhe. \p \v 35 Maarre kolbaan akka Aaron worqii irraa fakkii jabbi'ii huju waan gooteef, Mootiin Waan Maraa balaa isaanitti buuse. \c 33 \s1 Mootiin Waan Maraa Israa'elooti Gaara Siina'aa lakkisanee Akka Deemanu Ajaje \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Atii fi kolbaan ati biyya Gibxi'ii keessaa baatte, gara lafa ani, ‹Sanyii teetiif hin kenna› jedhee, Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kaku'uun waadaa gale sanii deema'a. \v 2 Ani ergamaa isiniin dura ergee, Kana'aanota, Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota ari'ee hin baasa. \v 3 Gara lafa aananii fi dammaa san deema'a. Isin kolbaa mataa jabaattu waan teetaneef, karaa irratti akka isin hin balleessineef, ani isin woliin hin deemu» jedhe. \v 4 Kolbaan dubbii rakkittuu tana yennaa dhageette, bowiisa jalqadde; nami tokkolle seesa adda addaa hin keyanne. \v 5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een «Ati Israa'elootaan, ‹Isin kolbaa mataa jabaattu waan teetaneef, ani haguma diqqaalle isin woliin adoo deemu te'ee isin hin balleessa. Amma seesa adda addaa ifi irraa baafadha'a; ani waan isin godhu hin murteessa› jedhi» jedhe. \v 6 Maarre Israa'elooti gaara siina'aa\f + \fr 33:6 \fr*\fqa Gaara Siina'aa: \fqa*\ft Maqaan gaara Siina'aa ka dhibiin, «Koreb» jedhama.\ft*\f* irratti seesa ifii ka adda addaa ifi irraa baafatte. \s1 Dunkaanii Woldeenna'aa \p \v 7 Muuseen Dunkaanii san fuudhee addee quttumaatiin ala irraa fageessee dhaabee, «Dunkaanii Woldeenna'aa» jedhee moggaase. Nami Mootii Waan Maraa wo gaafatuu barbaadu marti gara Dunkaanii Woldeenna'aa ta addee quttumaatiin ala jirtu san dhaqa. \v 8 Yennaa Muuseen bayee gara dunkaani'ii deemu mara, kolbaan marti kaatee seensuma dunkaanii ifii dura dhaabbattee, haga Muuseen dunkaanii seenu ilaalti. \v 9 Akkuma Muuseen gara Dunkaani'ii seeneen utubaan duumensaa gad bu'ee seensuma Dunkaani'ii dura dhaabbata; Mootiin Waan Maraalle duumensa keessaa Muusee woliin dubbata. \v 10 Kolbaan utubaan duumensaa seensuma Dunkaani'ii dura dhaabbatuun yennaa dhaggitu mara, isaan martinuu ol ka'anee seensuma dunkaanii ifii duratti sagadan. \v 11 Akkuma nami nama dhibii woliin dubbatu, Mootiin Waan Maraa fuula duratti Muusee woliin dubbata; achiin duuba Muuseen gara addee quttumaa deebi'a; Iyaasuun ilmi Nunii dargaggeessichi isa qarqaaru sun ammoo dunkaanii lakkisee hin deemu. \s1 Muuse'ee Fi Ulfinna Mootii Waan Maraa \p \v 12 Muuseen Mootii Waan Maraatiin, «Ati, ‹Kolbaa tana sooressi› jettee natti hinteerta; te'uu malee, nama na woliin ergitu natti hin hinne; ati, ‹Ani si beeka; na birattille fudhatama qadda› naan jetteerta. \v 13 Ani si biratti yoo fudhatama qabaadhe, akka si beeku, yennaa mara si biratti fudhatama qabaadhu karaa keeti na barsiisi. Kolbaan tunille kolbaa teeti akka teete qaabadhu» jedhe. \p \v 14 Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Anumatti si woliin ideema; fooralle si'iif hin kenna» jedhe. \p \v 15 Muuseelle deebisee, «Ati yoo nu woliin hin ideenne teete asii nu hin baasin. \v 16 Ati yoo nu woliin hin ideemin, anii fi kolbaan teeti si biratti fudhatama akka qannu nami attam beeka ree? Ati nu woliin yoo hin jiraatin, anaa fi kolbaa teeti, kolbaa biyya lafaa ta dhibii irraa wonni nu adda godhu maan ree?» jedhe \v 17 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati na biratti fudhatma waan qadduuf, maqaa keetille'een waan si beekuuf, waan ati na gaafatte kana mara si'iif hin godha» jedhe. \p \v 18 Achiin duuba Muuseen, «Maganne'e, ulfinna keeti natti mudhisi» jedhe. \p \v 19 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Dansummaa tiyya mara si'iin dura hin dabarsa; ani maqaa kiyya, Mootii Waan Maraa si biratti hin lallaba. Ani namuma mararfadhu, hin mararfadha; namuma itti gadhaa laafuuf, gadhaa hin laafaaf. \v 20 Garuu, nami fuula kiyya dhagge le'uu waan hin dandeenneef, ati fuula kiyya dhagguu hin dandeettu. \v 21 Kunoo, addeen ati rassaa irra dhaabbattu, na bira jirti. \v 22 Yennaa ulfinni kiyya achiin dabaru, baqaqa rassa'aa keessa si keyee, ani haga dabarutti harka kiyyaan si golla. \v 23 Achiin duuba ani harka kiyya si duraa fuudhee, ati dudda kiyya hin dhaggita; garuu fuula kiyya hin dhaggitu» jedhe. \c 34 \s1 Dhakaa Baxxicha Lama Ka Seerri Irratti Barreeffame Ka Lammeessoo Hujamane \r (Kes. 10:1-5) \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Dhakaa baxxicha lama kama qaraa kaan fakkeessiitii boci. Anille jechoota dhakaa ati caccassite kaan irra jiranu san irratti hin barreessa. \v 2 Ganamaan qophowiitii gara gaara siina'aa ol bayi. Achitti qaccee gaaraa gubba'atti na dura dhaabbadhu. \v 3 Nami tokkolle si woliin ol hin bayin yookiin gaara irratti eessalle'etti hin mudhatin; gaara san jala horiille hin tikatin» jedhe. \v 4 Maarre Muuseen dhakaa baxxicha lama ka seerri irratti barreeffame kama qaraa kaan ka fakkaatu bocee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje dhakaa baxxicha lama ka seerri irratti barreeffame san harkatti qabatee barii ganama gara gaara Siina'aa ol baye. \p \v 5 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa duumensa keessa gad bu'ee achitti isa woliin dhaabbatee maqaa ifii, Mootii Waan Maraa lallabe. \v 6 Inni Muusee dura dabaree, lallabee, «Ani Mootiin Waan Maraa, Mootii Waan Maraa, Waaqa mararaa arja'a; ka aari'iif hin ariifanne; jaalalli kiyya ka bara baraatii fi arjummaan tiyya baca'a. \v 7 Jaalala kiyya ka bara baraa haga dhaloota kuma heddu'uutitti hin eegadha; hammeenna, finqilaa fi cubbuu hin araarama. Te'uu malee, yakkaamessa adoo hin adabin hin lakkisu; ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaanii haga dhaloota sadii fi afuriititti, cubbuu abbooti'iitiif hin adaba» jedhe. \p \v 8 Muuseen yennuma san lafatti gad gombifamee sagadee, \v 9 «Ee Gootta'a, ani yoo si biratti fudhatama dhaggadhee jiraadhe, ani akka ati nu woliin ideentu si daadimadha. Kolbaan tun mataa jabeeyyii teetulle, hammeennaa fi cubbuu teenna nuu araaramiitii kolbaa teeti nu tolfadhu» jedhe. \p \v 10 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ani Gondooroo si woliin godhataara; kolbaa teeti mara duratti biyya lafaa irratti kolbaa lafa irra jirtu mara keessatti baasa tanaan qara te'ee hin beenne hin godha. Kolbaan ati odduu leetu, baasa ani Mootiin Waan Maraa sii godhu hin dhaggiti. \v 11 Waan ani adha si ajaju muummessi. Ani Amoorota, Kana'aanota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota si duraa hin ari'a. \v 12 Akka isaan tiyyoo si'itti hin teene, addee ati dhaqaartu worra lafa san keessa le'u woliin Gondooroo akka hin goone ifi eeggadhu. \v 13 Addee ciinca'aa ta isaanii diiga'a; soodduu isaanii woyyittii butucha'a; utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantu ta isaanii jissa'a. \v 14 Ani Mootii Waan Maraa, Waaqa hinaatticha waan te'eef, waaqa dhibii hin waaqonfatin. \p \v 15 «Kolbaa lafa sanii woliin akka wol hin Gondoorre ifi eeggadhu; sababille isaan waaqota ifii gula fiiganee yennaa ciincaa dhikeessanu si hin waaman; atille ciincaa san hin nyaatta. \v 16 Ilmaan teeti durra isaanii yennaa fuusifatte, durri sun waaqota ifii gula fiiganee, ilmaan teetille akka isaanii waaqota isaanii gula akka hin fiinne ifi eeggadhu. \p \v 17 «Sibiila baqe irraa waaqota dharaa hin hujatin. \p \v 18 «Jila daabboo uukoo hin qannee jilifadhu; ji'a Abiibii keessa biyya Gibxi'iitii waan baateef, akkuma ani si ajajetti guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadhu. \p \v 19 «Ilmi angafa te'ee dhalate marti kiyya; jibichi yookiin korbeessi qara dhalatelle kiyya. \v 20 Harree korma qara dhalate buruusoo korbeessa hoole'eetiin wodi; yoo woduu dhadde ammoo morma isaa micciiri; ilmaan teeti keessaa angaficha wodi. \p «Nami tokkolle harka duwwaa na dura hin dhikaatin. \p \v 21 «Guyyaa jaa hujii teeti hujadhu; guyyaa torbeesso'oo ammoo foorfadhu; yennaa qottee facaafattu, yennaa midhaan galfattulle teetu foorfadhu. \p \v 22 «Midhaan qamadi'ii ka matooma bilchaatu yennaa galfattu, jila torbaan torbaa jilifadhu; dhuma wogga'aa irralle'etti, jila midhaan galfatiisaa jilifadhu. \v 23 Dhiirtiin marti wogga'atti yennaa sad ana Mootii Waan Maraa ka Waan Mara Dande'u, Waaqa Israa'el duratti dhaggamanuu ti. \v 24 Ani gosa biyya adda addaa si duraa ari'ee lafa teeti si'iif hin badhisa; wogga'atti yennaa sad ana Goottaa Waaqa keeti duratti dhaggamiisaaf yennaa ol baatu, nami tokkolle lafa teeti hin fudhatu. \p \v 25 «Daabboo uukoo qaddu dhiiga ciinca'aa ka anaaf dhikaate woliin hin dhikeessin; foon horii Jila Irra Dabaramaatiif qalame irraa haga ganamaa hin tursin. \p \v 26 «Waan latti si'iif baache keessaa midhaan matoomaa ka irra caalaa dansa'aa ana Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif dhikeessi. \p «Buruusoo re'e'ee aanan haadha isi'iitiin hin iffeelin» jedhe. \p \v 27 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ani jechoota kanaan si woliin, kolbaa Israa'elii wolille'een Gondooroo waan gondooradheef, jechoota kana barreeffadhu!» jedhe. \v 28 Muuseen midhaan adoo hin nyaatin, bisaanille adoo hin unin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Mootii Waan Maraa woliin achi ture. Inni jechoota Gondooro'oo, ajajoota kudhan dhakaa baxxicha irratti barreesse. \s1 Muuseen Gaara Siina'aa Irraa Gad Bu'e \p \v 29 Muuseen dhakaa baxxicha lama ka seerri irratti barreeffame san harkatti qabatee gaara irraa yennaa gad bu'e, inni Mootii Waan Maraa woliin dubbataa waan tureef, fuulli isaa akka ifiisatti jiru hin beenne. \v 30 Aaronii fi Israa'elooti marti Muusee yennaa dhaggane, fuulli isaa waan ifiisatti jiruuf gara isaa dhikaatiisa sodaatane. \v 31 Muuseen ammoo isaan waamee, Aaronii fi sooressitooti kolba'aa marti gara isaa deebi'ane; innille isaanitti dubbate. \v 32 Achiin duuba kolbaan Israa'elii marti Muusee bira dhufanee, inni ajaja Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa gubba'atti isatti dubbate san isaan ajaje. \p \v 33 Muuseen isaanitti dubbatee fixeen duuba fuula ifii hagooggate. \v 34 Muuseen Mootii Waan Maraa woliin dubbbatiisaaf, fuula isaa dura yennaa dhikaatu, hagoogguu fuula ifii irraa dhooggata; yennaa gad bayu ammoo waan ajajame mara Israa'elootatti hima. \v 35 Isaan fuulli Muuse'ee akka ifu dhaggane. Achiin duuba inni Mootii Waan Maraa woliin dubbatiisaaf, yennaa dhaqu mara fuula ifii hin hagooggata. \c 35 \s1 Seerata Guyyaa Sanbataa \p \v 1 Muuseen wolde'a gumii Israa'elii mara wolitti qabee, isaaniin, «Wonni akka isin gootanuuf Mootiin Waan Maraa isin ajaje ta asii gad jirtu: \v 2 Guyyaan jaa guyyaa huji'ii ti; guyyaan torbeesso'oo ammoo Sanbata woyyicha ka ana Mootii Waan Maraatiif itti foorfattanu. Nami guyyaa Sanbataa hujii huje marti ijjeefamuu ti. \v 3 Guyyaa Sanbataa mana keessanitti ibiddalle hin gabbifatina'a» jedhe. \s1 Kennansa Dunkaanii Woyyitti'iif Kennamu \p \v 4 Muuseen kolbaa Israa'elii maraan «Wonni Mootiin Waan Maraa isin ajaje asii gad jirti: \v 5 Isin waan qaddanu keessaa ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessa'a! Nami kennansa kenniisaaf fedhu, kennansa worqi'ii, ka meeti'iitii fi sageettu'uu dhikeessuu ti. \v 6 Woyaa bifa cuquliisaa, woyaa bifa dhiille'eetii fi woyaa bifa liilana diima'aa, woyaa quncee talba'aa, woyaa rifeensa re'e'ee, \v 7 gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame, gogaa hoolee galaanaa, muka gololchaa, \v 8 zayitii ejersaa ta ifaaf teetu, uddowaa zayitii ejersaa ta dibatanutti naqanu, hixaana foolee dansa'aa, \v 9 dhakaa gatii guddo'ootii fi dooqa adda addaa ka woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi kiisii qomaatitti naqanu dhikeessuu ti. \p \v 10 «Isin keessaa worri ogummaa qabu marti dhufee waan Mootiin Waan Maraa ajaje mara hujuu ti: \v 11 Dunkaanii Woyyittii, irbuusa isi'ii ka jala aanuu fi ka gubbaa aanu, hookkota isi'ii, danqaraa isi'ii, mikikkiloota isi'ii, utuboota isi'iitii fi shafee utuboota isi'ii, \v 12 Saanduqa Gondooro'oo utuboota isi'ii woliin, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamuu fi gollaa isaa, \v 13 xarapheessaa, danqaraa isaatii fi meya isaa mara woliin, daabboo na dura dhikaattulle, \v 14 issa'aafille waan issaa irra keyanu meya isi'ii woliin, issa'aa fi zayitii ejersaa ta ifaaf teetu, \v 15 addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamu danqaraa isi'ii woliin, zayitii muudaatii fi hixaana uddowu, gollaa karaa balbala seensuma Dunkaanii Woyyitti'ii, \v 16 addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu, waan akka meemme'ee ka sageettuu irraa hujame ka cilee kiphee daadhaa gad harcaasu ka isi'ii woliin, danqaraa isi'ii meya isaa mara woliin, qorii itti dhiqatanu ta sageettuu irraa hujante shafee isi'ii woliin; \v 17 gollaa badhinna dalleya keessaa utuboota isaatii fi shafee utubootaa woliin, gollaa seensuma gara badhinna sanii; \v 18 chikaalota Dunkaani'ii, chikaalota badhinna dalleya keessaa saniitii fi wodaroota isaanii; \v 19 woyaa kuulante woyyittii ta Aaroniin hayyichii fi ilmaan isaa addee woyyittii keessa yennaa hayyumma'aan tajaajilanu uffatanu hujanuu ti» jedhe. \s1 Kolbaan Kennansa fidde \p \v 20 Achiin duuba kolbaan Israa'elii marti Muusee biraa ka'anee deemane. \v 21 Nami kennansa kenniisaaf fedhee, gadhaan isaa isa kakkaase, dhufee hujii Dunkaanii Woldeenna'aatiif, tajaajila isi'ii maraaf, woyaa hayyootaatiifille kennansa Mootii Waan Maraatiif fidane. \v 22 Worri fedhii qabu marti dhiirtii fi dubartiille dhufanee faaya worqi'ii ka adda addaa: dirata, qubee gurraa, qubee qubaatii fi seesa adda addaa mara kennane. Isaan martinuu kennansa addaa worqii ifii Mootii Waan Maraatiif fidane. \v 23 Worri woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, liilana diimaa, woyaa rifeensa re'e'ee, woyaa quncee talba'aa dansaa, gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame qabu marti fide. \v 24 Nami meetii yookiin sageettuu qabu marti Mootii Waan Maraatiif kenne; nami muka gololchaa qabulle hujii adda addaatiif ka te'u fide. \v 25 Dubartooti ogummaa qabanu marti woyaa bifa cuquliisaa, bifa dhiille'ee, liilana diimaa yookiin woyaa quncee talba'aa dansaa, waan harka ifiitiin suqane mara fidane. \v 26 Dubartooti huji'iif fedhii qabaatanee ogummaa qabanu marti rifeensa re'e'ee suqane. \v 27 Sooressitooti dhakaa gatii guddo'ootii fi dooqa adda addaa ka woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi kiisii qomaatitti naqanu fidane. \v 28 Akkasuma isaan uddowaa, zayitii ejersaa ta ifaaf teetuu fi ta muudaaf teetu, hixaana foolee dansa'aalle fidane. \v 29 Kolbaan Israa'elii marti dhiirtii fi dubartooti, hujii Mootiin Waan Maraa akka isaan hujanuuf karaa Muuse'eetiin isaan ajaje maraaf, kennansa fedhii ifii Mootii Waan Maraatiif fidane. \s1 Bazaali'elii Fi Aholiiyaab \p \v 30 Achiin duuba Muuseen Israa'elootaan, «Kunoo, Mootiin Waan Maraa gosa Yihuda'aa keessaa akaakoo Huurii, ilma Urii Bazaali'el filateera; \v 31 ogumma'aan, dandeetti'ii fi beekkumsaan, ogummaa hujii harkaa ta adda addaalle akka huju ayyaana ifiitiin isa guuteera. \v 32 Inni akka itti worqii, meeti'ii fi sageettuu hujanu karoora baasa. \v 33 Inni dhakaa dhodhoosee qiriixee, mukalle bocee xabbee, hujii harkaa mara hin huja. \v 34 Mootiin Waan Maraa innii fi ilmi Ahisamaakii Aholiiyaab ka gosa Daanii, worra kaan akka barsiisanu isaan lamaaniifuu dandeettii kenneera. \v 35 Isaan ogeeyyii hujii harkaa, worra karoora baasu, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aatiin worra kuuluu fi worra woyaa dhowu, ogeeyyii waan maraatii fi worra karoora baasu te'anee hujii adda addaa akka hujanu inni ogumma'aan isaan guuteera. \c 36 \p \v 1 «Maarre, Bazaali'elii fi Aholiiyaab, nami ogummaa qabu, ka Mootiin Waan Maraa hujii addee woyyitti'ii mara attam akka jalqabu akka beekuuf, ogumma'aa fi dandeettii kenneef marti, akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti worra huji huju» jedhe. \s1 Kolbaan Kennansa Bacaa fidde \p \v 2 Achiin duuba Muuseen Bazaali'elii fi Aholiiyaab, nama ogummaa qabu ka Mootiin Waan Maraa dandeettii kenneef, worra dhufee hujii hujiisaaf fedhelle waame. \v 3 Isaan kennansa Israa'elooti ijaarsa addee Woyyitti'ii jalqabiisaaf fidde mara Muusee harkaa fuudhane. Kolbaan Israa'eliille kennansa fedhii ifii ganama mara Muuse'etti kennite. \v 4 Maarre Worri ogummaa hujii harkaa qabu ka hujii addee Woyyitti'ii hujiisatti jiru marti hujii lakkisanee gara Muuse'ee dhaqanee, \v 5 Muuse'een, «Kolbaan hujii Mootiin Waan Maraa akka hujantu ajajeef ka barbaachisu caalaa kennansa fidiisatti jirti» jedhane. \p \v 6 Achiin duuba Muuseen, «Nami tokkolle dhiirti yookiin dubartiin kennansa addee Woyyitti'ii dabalanee waan tokkolle hin kennin» jedhanee addee quttumaa keessa guutumatti akka lassanu ajaje. Maarre kolbaan kennansa akka hin finne dhooggane. \v 7 Sababille kennansi qara fidaneeyyuu hujii hujantu mara geyee irraa hin hafa. \s1 Ijaarsa Dunkaanii Woyyitti'ii \p \v 8 Namoota hujii Dunkaanii Woyyitti'ii san hujanu keessaa worri ogummaa qabu marti gollaa qoola kudhan: ka liilana quncee talba'aa dansaa, ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa wolitti fowamee dhowameen, ta fakkiin dada ol-gubba'aa ta koola qaddu, nama hujii harkaa beekuun, irratti hodhanteen Dunkaanii Woyyittii hujane. \v 9 Gollaan sun tokko tokkoon isaa dheerinni ciqilee diddamii saddeeti badhinni ciqilee afur, marti isaaniituu wol qixa. \v 10 Isaan qoola golla'aa san shanan wolitti hodhanee, shanan hafane kaanille akkasuma tolchane. \v 11 Achiin duuba isaan irga qoola golla'aa ka wolitti hodhamee sanitti qubeelee bifa cuquliisaa itti naqe; qoola golla'aa ka wolitti hodhame ka gama kaanii irralle'etti akkasuma tolchane. \v 12 Isaan ammalle irga qoola golla'aa ka wolitti hodhamane ka qaraatitti qubeelee shantama, ka lammeesso'oo irralle'etti qubeelee shantama, ta moggaa gama lamaaniituu fuullee wolitti galchanee itti naqane. \v 13 Achiin duuba isaan Dunkaaniin Woyyittiin takkattii akka teetu, qoola golla'aa ta wolitti hodhamane san wolitti qassiisiisaaf hookkoo worqi'ii shantama hujane. \v 14 Isaan Dunkaanii Woyyittii san akka gollanuuf, gollaa rifeensa re'e'ee irraa hujame kudhanii tokko hujane. \v 15 Gollaan kudhanii tokko sun tokko tokkoon isaaniituu dheerinni isaanii ciqilee soddoma, badhinni isaanii ciqilee afur te'anee marti isaaniituu wol qixa. \v 16 Isaan gollaa shanan wolitti qassiisanee hodhanee, jaan hafane kaanille gara kaaniin wolitti qassiisanee hodhane. \v 17 Achiin duuba isaan irga gollaa wolitti hodhamane ka qaraatitti qubeelee shantama, ka lammeesso'oo irralle'etti qubeelee shantama itti hodhane. \v 18 Isaan gollaa gama lamaanii san wolitti qassiisanee Dunkaanii Woyyittii takkattii tolchiisaaf hookkoo sageettu'uu shantama hujane. \v 19 Achiin duuba isaan gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame irraa Dunkaanii Woyyittii saniif irbuusa hujane; ka dhibiille gogaa hoolee galaana irraa hujanee irra buusane. \p \v 20 Isaan mikikkiloota Dunkaanii Woyyittii ittiin ol dhaabbachiisanu muka gololchaa irraa hujane. \v 21 Dheerinni mikikkiloota sanii ciqilee kudhan, badhinni isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakka'a. \v 22 Mikikkilooti Dunkaanii Woyyitti'ii sun akka wol keessa seenanu qaccee irratti gaafa lama ka cinaa wolii jiru hujane; isaan akka kanaan mikikkiloota Dunkaanii Woyyitti'ii mara hujane. \v 23 Isaan Dunkaanii Woyyittii cinaa gara kibbaatiif mikikkiloota diddama hujane. \v 24 Mikikkiloota diddama saniifille shafee meetii irraa hujante afurtama hujane; gaafoti lama ka mikikkila tokkoo akka keessa seenanuuf shafee lama lama hujane. \v 25 Isaan Dunkaanii Woyyittii san cinaa gara kaabaatiif mikikkiloota diddama hujane. \v 26 Mikikkiloota diddama saniifille, shafee meetii irraa hujante afurtama hujanee, mikikkila tokko tokko jala shafee lama lama keyane. \v 27 Isaan Dunkaanii Woyyittii cinaa gara aduun seentuutiif mikikkila jaa hujane. \v 28 Roga Dunkaanii Woyyitti'ii ka irga irgaatiifille mikikkila lama lama hujane. \v 29 Roga lamaan kana irratti mikikkilooti kun jalaa haga gubba'aatitti lama lama te'anee, qubee takkattii keessa seenan. Gara lamaaniinuu akkasuma te'an. \v 30 Maarre mikikkiloota saddeetii fi shafee meetii irraa hujante kudhanii jaatti achi jiraayyu; mikikkila tokko tokkoofuu shafee lama lamatti itti keyame. \p \v 31 Isaan ammalle muka gololchaa irraa danqaraa shanan mikikkiloota cinaa gara tokkootiif, \v 32 shanan mikikkiloota cinaa gara kaaniitiif, shanan hafane mikikkiloota gara seensa adu'uu jiranuuf hujane. \v 33 Isaan danqaraa wodhakka'aa, ka mikikkiloota wodhakkaa cinaa kaan irraa haga cinaa gara kaaniititti fulla'u hujane. \v 34 Isaan mikikkiloota san worqii itti gonfanee, danqarooti sun akka keessa seenanu qubeelee worqi'ii hujane; danqaroota sanille worqii itti gonfane. \p \v 35 Isaan liilana quncee talba'aa dansaa, ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa wolitti fowamee dhowameen gollaa nami hujii harkaa beeku, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti hodhe hujane. \v 36 Isaan gollaa saniif utuboota muka gololchaa afur hujanee worqii itti gonfane; utuboota saniif hookkoo worqi'ii afur itti hujanee, meetii baqisiifame irralle'ee shafee afur itti hujane. \v 37 Isaan seensuma Dunkaanii Woyyitti'iitiif, liilana quncee talba'aa dansaa, ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa fowamee dhowameen nama hujii harkaa beekuun gollaa hujane. \v 38 Isaan gollaa saniif utubaa hookkoo qabanu shan hujane; guutuu utuboota saniitii fi qubeelee isaanii worqii itti gonfane; utuboota saniifille shafee shan sageettuu irraa hujane. \c 37 \s1 Saanduqa Gondooro'oo \p \v 1 Bazaali'el Saanduqa Gondooro'oo ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa, hojjaan isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa huje. \v 2 Inni keessa isi'iitii fi duuba isi'ii worqii qulluu itti gonfe; roga isi'ii irra naannessee xiyyoo worqii itti huje. \v 3 Inni qubee worqi'ii afur hujee, lamaan gara tokkoon, lamaan gara kaaniin, miila isi'ii afurittuu qassiise. \v 4 Achiin duuba inni muka gololchaa irraa danqaraa bocee worqii itti gonfe. \v 5 Danqaraa isii ittiin ba'atanu, qubeelee Saanduqa Gondooro'oo ta gama lamaaniin jirtu san keessa galche. \v 6 Qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa worqii irraa huje. \v 7 Achiin duuba inni dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lama worqii tumante irraa qaccee lama ta qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo irratti huje. \v 8 Dada ol-gubba'aa ta koola qaddu san tokko qaccee gara tokkootitti, dada ol-gubba'aa ta koola qaddu ta lammeesso'oo qaccee garakaaniititti keye; dada ol-gubba'aa ta koola qaddu san qaccee qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo lamaanittuu wolitti qassiisee tokko tolche. \v 9 Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun koola ifii ol badhifatanee qadaaddaa san irra gonboobaneeraniiyyu; fuula ifiille wolitti galanee, qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo san ilaalaniiyyu. \s1 Xarapheessaa Daabboo Waaqaaf Dhikaattu Irra Keyanu \p \v 10 Inni Xarapheessaa dheerinni isaa ciqilee lamaa, badhinni isaa ciqilee tokkoo, hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa huje. \v 11 Achiin duuba inni Worqii qulluu itti gonfe; roga isaa irralle naannessee worqii itti gonfe. \v 12 Inni xiyyoo haga badhinna ganaa harkaa geettu irga isaa irratti naannessee worqii itti gonfe. \v 13 Xarapheessaa saniif qubee worqi'ii afur hujee, addee miilli isaa afur jirutti roga isaa afur irratti qassiise. \v 14 Qubeeleen afur sun danqaraa xarapheessaa ittiin ba'atanu akka qaddu, xiyyoo san bira keye. \v 15 Danqaraa muka gololchaa irraa huje; xarapheessaa san ittiin ba'atiisaaf worqii itti gonfe. \v 16 Waan daadhii woyni'ii ittiin dhikeessanu gabataa, qorii, kobolaa fi muduunuu worqii qullittii irraa huje. \s1 Waan Issaa Irra Keyanu \p \v 17 Inni Waan issaa irra keyanu worqii qullittii irraa huje. Miila isi'ii, ulee isi'ii, muduunuu daraaraa fakkaattu, guntuta daraara'aatii fi daraaraa seesaa waan issaa irra keyanu san woliin wolitti qassiisee tokko tolchee huje. \p \v 18 Waan ifa irra keyannu kana irratti dameelee jaa, gara tokkoon sad, gara kaaniin sad huje. \v 19 Dameelee waan issaa irra keyanuu jaanuu irratti, muduunuun daraaraa muka «Almond» jedhamuu fakkaattu ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu sad jiraniiyyu. \v 20 Waan issaa irra keyanu san irra, muduunuun daraaraa muka «Almond» jedhamuu fakkaattu afur ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu jirtiiyyu. \v 21 Dameelee waan issaa irra keyanuu lamaan qaraa jala guntuti daraara'aa tokko, dameelee lamaan ka lammeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka lammeesso'oo, dameelee lamaan sadeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka sadeesso'oo jiraniiyyu. \v 22 Guntuti daraara'aatii fi dameeleen sun martinuu waan issaa irra keyanu san woliin wolitti qassiifamanee tokko te'anee, worqii qullittii irraa hujamane. \v 23 Inni ifa torba waan ifa irra keyanu, qarapha'aa fi waan daadhaa itti harcaasanu worqii qulluu irraa huje. \v 24 Inni waan issaa irra keyanuu fi meya isi'ii mara worqii qullittii kiiloogiraama soddomii shanii irraa huje. \s1 Addee Ciinca'aa Ta Hixaana Itti ciincessanu \p \v 25 Inni addee ciinca'aa ta hixaana itti ciincessanu muka gololchaatiin ijaare. Dheerinni isi'ii ciqilee tokko, badhinni isi'ii ciqilee tokko, hojjaan isi'ii ciqilee lama te'ee, rogi arfanuu wol qixa. Roga arfanittuu gaafota itti baase \v 26 Inni gubbaa isi'iitii fi roga isi'ii mara, gaafota isi'iille worqii qulluu itti gonfe. Roga isi'ii irra naannessee xiyyoo worqi'ii itti huje. \v 27 Inni danqaraa keessa loosanee addee ciinca'aa ittiin ba'atanu, qubee worqi'ii lama hujee, xiyyoo jalatti gama lamaanittuu qassiise. \v 28 Inni muka gololchaa irraa danqaraa hujee worqii itti gonfe. \v 29 Inni akka worri fiqiree dansaa qopheessu hujuu, zayitii woyyittii ta muudaatii fi hixaana qulluu ka foolee dansa'aalle huje. \c 38 \s1 Addee Ciinca'aa Ta Kennansa Gubamuu \p \v 1 Bazaali'el addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu muka gololchaatiin ijaare. Dheerinni isi'ii ciqilee shan, badhinni isi'iille ciqilee shan, hojjaan isi'ii ciqilee sad. \v 2 Inni gaafotii fi addeen ciinca'aa tokko akka te'anu roga isi'ii arfanuu irratti gaafota itti baasee, sageettuu itti gonfe. \v 3 Meya addee ciinca'aa san mara okkotee daadhaa itti haranu, waan ibidda irratti bobeessanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, filaa fooniille sageettuu irraa huje. \v 4 Inni waan akka meemme'ee sageettuu irraa hujee, haga hidha addee ciinca'aa ol akka dheerattu, xiyyoo isi'ii jala keye. \v 5 Inni roga arfan waan akka meemme'ee san irratti danqaraa ittiin ba'atanu akka keessa galchanu qubeelee afur itti huje. \v 6 Inni addee ciinca'aa san akka ittiin ba'atanu, danqaraa muka gololchaa hujee sageettuu itti gonfe. \v 7 Danqaraa san addee ciinca'aa akka ittiin ba'atanu, qubeelee addee ciinca'aa cinaa gama lamaaniitiin jirtu san keessa galche. Inni addee ciinca'aa san boollessee falaxaa irraa huje. \p \v 8 Inni gabataa itti dhiqatanuu fi shafee isaa ta sageettu'uu, daaw'itii sageettu'uu ta dubartoota seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa tajaajilanuu irraa huje. \s1 Badhinna Dalleya Keessaa \p \v 9 Inni itti aansee badhinna Dunkaanii Woldeenna'aatitti dalleya ijaare. Badhinni dalleyaa keessaa sun karaa kibbaatiin ciqilee dhibba; gollaa quncee talba'aa dansaa irraa wolitti fowamee hujame qabaatee, \v 10 utuboota shafee sageettu'uu qabanu diddama ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabanu qabaayyu. \v 11 Gara kaabaatille'een akkuma kana ciqilee dhibba dheeratee, utuboota shafee sageettu'uu qabanu diddama ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabanu qabaayyu. \v 12 Badhinni dalleya keessaa sun gara seensa adu'uutiin, ciqilee shantama badhatee, golla'aa fi utuboota kudhan shafee kudhan qabanu, ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabanu qabaayyu. \v 13 Dhuma gara ila boru'uu, karaa aduun baatulle'een, ciqilee shantama badhata. \v 14 Dheerinni golla'aa seensuma irraa gara tokkoon ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qabaayyu. \v 15 Akkasuma seensuma irraa gara kaaniin dheerinni golla'aa ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qaba. \v 16 Gollaan cinaa badhinna dalleya keessaa jiru marti quncee talba'aa dansaa wolitti fooyame irraa hujame. \v 17 Shafeen utubootaa ta sageettuu irraa hujante yoo teetu, hookko'oo fi qubeeleen utuboota irra jiranu meetii irraa hujamane; guutuun utubootaalle meetiin itti gonfanteerti. Utubooti badhinna dalleya keessaa marti qubeelee qaban. \v 18 Gollaan seensuma badhinna dalleya keessaa liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa nama hujii harkaa beekuun dhowame. Dheerinni isaa ciqilee diddama; akkuma gollaa badhinna dalleya keessaa hojjaan isaa ciqilee shan. \v 19 Utubooti isaa afurii fi shafeen isaa arfanuu sageettuu irraa hujamane; hookkoti utubootaatii fi qubeeleen utubootaa meetii irraa hujamane. Guutuun utubootaalle meetiin itti gonfanteerti. \v 20 Chikaaloti Dunkaanii Woyyitti'iitii fi ka badhinna dalleya keessaa marti sageettuu irraa hujamane. \s1 Meya Dunkaaniin Woyyittiin Ittiin Ijaarante \p \v 21 Mey Dunkaanii Woyyitti'ii, ka Itaamaariin Lewwichi ilmi Aaronii hayyichaa, ajaja Muuse'eetiin, tarre'etti barreessee qopheesse asii gad jira: \v 22 Akaakoon Huurii ilmi Urii Bazaali'el, gosa Yihuda'aa keessaa waan Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje mara huje. \v 23 Gosa Daanii keessaa ilmi Ahisamaakii Aholiiyaab, ka hujii harkaa beeku, ka karoora baasu fi ka liilana quncee talba'aa dansaa bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'ee fi diima'aan woy seesee hodhu isa woliin jiraayyu. \p \v 24 Dunkaanii Woyyittii ijaariisaaf worqiin kennansa tachoofamuuf kennante sun wolumatti akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti kiiloogiraama kuma tokko. \v 25 Meetiin kolbaa laakkowante irraa wolitti qabante, akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii fi soddomaa ti. \v 26 Namooti worra qara laakkowametti dabalamane ka woggaan isaanii diddamaa fi diddamaa olii laakkossi isaanii kuma dhibba jaa fi kuma sadii fi dhibba shanii fi shantama. Isaan kun mataa mataa isaaniititti akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti meetii gara giraama kudhanii tokkoo\f + \fr 38:26 \fr*\fqa Gara giraama kudhanii tokkoo: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa sheeqelii wodhakkaa \fqa*\ft jedha.\ft*\f* kennane. \v 27 Meetiin kiiloogiraam kum sadii fi dhibbi afur baqisiifantee shafee Dunkaanii Woyyitti'iitii fi shafee golla'aa dhibba hujante. Shafeen tokko tokkoo meetii kiiloogiraama soddomii fi afuriin hujante. \v 28 Meetii kiiloo giraama soddoma hatteen Bazaali'el utuba'aa fi hookkota utubootaa hujee guutuu utubootaalle itti gonfe. \v 29 Sageettuun kennansa tachoofamuuf kennante kiiloogiraama kuma lamaa fi dhibba afurii fi diddamii shan. \v 30 Isuma tanaan shafee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa, addee ciinca'aatii fi waan akka meemme'ee ta addee ciinca'aa sanii, meya isi'ii maralle, \v 31 Shafee dalleya badhinna Dunkaanii Woldeenna'aa, shafee karra badhinna Dunkaanii Woldeenna'aa, chikaalota Dunkaanii Woldeenna'aa ka badhinna Dunkaanii Woldeenna'aatitti naanneffameeru mara huje. \c 39 \s1 Woyaa Hayyootaa \p \v 1 Isaan woyaa kuulante ta addee woyyittii keessa yennaa tajaajilanu uffatanu liilana bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diima'aatiin hujane. Isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, woyaa woyyittiille Aaroniif hujane. \v 2 Isaan woyaa hayyumma'aa ta qomaa worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aa ka wolitti fowameen hujane. \v 3 Isaan worqii worri hujii harkaa beeku baqisiisanee hephelleessanee hujane akka liilanaa kukkutanee liilana bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diima'aatiin wolitti fowane. \v 4 Gurmuu lamaan irra hiituu lama ta qaccee duraa fi duubaa lama wolitti hiitu woyaa hayyumma'aa ta qomaa saniif hujane. \v 5 Hiituun worra hujii harkaa beekuun hujante sun akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, akkuma woyaa hayyumma'aa ta qomaa san worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aan wolitti fowantee hujantee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa woliin tokko teetee wolitti qassiifante. \v 6 Isaan dhakaa gatii guddo'oo lama fuudhanee, maqaa ijoollee Yaaqoobii kudhanii lamaa akka chaappa'aa irratti qiriixane. \v 7 Achiin duuba isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, dhakaa gatii guddo'oo san Yaadannoo ilmaan Yaaqoobiitiif, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gurmuu Aaronii irratti qassiisane. \s1 Kiisii qomaa \p \v 8 Isaan kiisii qomaa ta akka nami hujii harkaa beeku hujuu hujane; akkuma woyaa hayyumma'aa ta qomaa worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aa ka wolitti fowameen hujane. \v 9 Kiisiin sun dheerinni isi'ii taakkuu tokko, badhinni isi'iille taakkuu tokko teetee, dachaafantee rogi isi'ii arfanuu wolqixa. \p \v 10 Achiin duuba isaan isii irratti dhakaa gatii guddo'oo tarree afuriin itti maxxansane; tarree qaraatitti dhakaan gatii guddo'oo saardiyon, tophaaziyon fi simaaragidos, \v 11 tarree lammeesso'ootitti kaarbunkil, safiirosii fi Yaasphis, \v 12 tarree sadeesso'ootitti hiiyaakinxos, kaalqedon, ametiisxos, \v 13 tarree arfeesso'ootitti kirisoliixos, sardoniikis fi beerilos seesa xiyyoo worqi'ii ta daraaraa fakkaattuun itti maxxansane. \v 14 Gosa Israa'elii kudhanii lamaaf qaabbii akka te'u, dhakoota gatii guddo'oo kudhanii lamaan san irratti, maqaan ilmaan Yaaqoobii kudhanii lamaa ka tokko tokkootuu akka chaappa'aa irratti qiriixameera. \p \v 15 Isaan kiisii qomaa saniif seesa haachaba worqii qullu'uu, ka akka wodaro'oo fowame hujane. \v 16 Xiyyoo seesa worqi'ii ta daraaraa fakkaattuu fi qubeelee worqi'ii lama hujanee roga kiisii qomaa san lamaanitti qassiisane. \v 17 Seesa haachaba worqii qullu'uu lamaan san, qubeelee lama ta roga kiisii qomaa irra jirtu saniin wolitti qassiisane. \v 18 Qaccee seesa haachabootaa san lamaan, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gara duraatiin jirtu ta gurmuu irra qaxxaamurtu keessa galchanee, xiyyoo seesa worqi'ii lama ta daraaraa fakkaatu saniin wolitti qassiisane. \v 19 Qubeelee worqi'ii lama hujanee, roga lama ka kiisii qomaa ka dhibi'iititti, qaccee kiisii qomaa ta gara keessaa ta woyaa hayyumma'aatitti aantee jirtutti qassiisane. \v 20 Achiin duuba isaan qubeelee worqi'ii ta dhibii lamaan hujanee, gara duraatiin, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gurmuu irra qaxxaamurtu gara jalaatiin addee hiituun woyaa hayyumma'aa ta qomaa wolitti hodhanteertuun gubba'atti qassiisane. \v 21 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, qubeelee kiisii qomaa irra jirtu, kiisiin qomaa woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin akka wol gad hin lakkinne, hiitu'uun wolitti qassiisiisaan, liilana bifa cuquliisaatiin qubeelee woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin wolitti hidhane. \v 22 Qoloo woyaa hayyumma'aa ta qomaa woliin uffatanu guutumatti liilana bifa cuquliisaatiin hujane. \v 23 Gara gubba'aa wodhakkaa isi'iitiin qowa mataan seenu qaddiiyyu; qowi sun akka hin tarsaane goodameera. \v 24 Handaara qoloo sanii ka liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetii fi diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aatiin wolitti fowamee dhowame san jalatti fakkii midhaan muka rumaanii itti hujane. \v 25 Isaan worqii qulluu irraa bilbilalle hujanee, handaara sanitti naannessanee, odduu odduu fakkii midhaan muka rumaanii sanitti hidhane. \v 26 Bilbilli fi fakkiin midhaan muka rumaanii sun irga handaara qolo'oo san irratti tarreeffamanee wol geyan; qoloo tana akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, hayyichi yennaa tajaajila hayyumma'aa uffata. \v 27 Isaan ammalle Aaronii fi ilmaan isaatiif quncee talba'aa dansaa irraa qoloo haga miilaa dheerattu, \v 28 marata mata'aa, gullee mata'aatii fi mutaandii woyaa jalaan hidhatanu ta hidhaa kaatee haga gudeedaa geettu ta fowantee dhowante isaaniif hujane. \v 29 Hiituu liilana quncee talba'aa dansaa irraa wolitti fowantee dhowante ta bifa cuquliisaa, ta bifa dhiille'eetii fi diimaa irraa akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti hujane. \p \v 30 Isaan kallacha woyyicha, worqii qulqullu'uu hujanee, akka barreeffama chaappaa irratti barreeffamee, «Mootii Waan Maraatiif ka woyyoome» jedhanee irratti qiriixane. \v 31 Achiin duuba isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, liilana bifa cuquliisaatiin hidhanee, marata mata'aatitti qassiisane. \s1 Hujiin Dunkaanii Woyyitti'ii Hobbaate \p \v 32 Maarre hujiin Dunkaanii Woyyittii, Dunkaanii Woldeenna'aa sun hobbaate. Israa'elooti waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti hujane. \v 33 Achiin duuba isaan Dunkaanii Woyyittii Woldeenna'aa gara Muuse'ee fidane: Dunkaanii Woyyitti'ii fi meya isi'ii mara, hookkoo isi'ii, mikikkiloota isi'ii, danqaraa isi'ii, utuboota isi'ii, shafeelee isi'ii, \v 34 irbuusa gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame, irbuusa gogaa hoolee galaanaa, gollaa; \v 35 Saanduqa Gondooro'oo utuboota isi'ii woliin, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamulle; \v 36 xarapheessaa meya isaa mara woliin, daabboo Waaqa dura dhikaatulle; \v 37 waan issaa irra keyanu ka worqii qulluu irraa hujame ifa isaa ka tarreeffamee fi meya isaa mara woliin, zayitii ejersaa ta ifaaf teetu; \v 38 addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante; zayitii muudaa, hixaana foolee dansa'aatii fi gollaa seensuma Dunkaanii Woyyitti'ii; \v 39 addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante waan akka meemme'ee ta sageettuu irraa hujante ta isi'ii woliin, danqaraa isi'iitii fi meya isi'ii mara woliin; qorii itti dhiqatanu shafee isi'ii woliin; \v 40 gollaa badhinna dalleya Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa utuboota isaatii fi shafeelee utuboota isaa, gollaa seensuma badhinna dalleya Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa; wodarootaa fi chikaalota dunkaanii ittiin dhaabanu, chikaalota badhinna dalleya Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa, meya Dunkaanii Woyyitti'ii mara; \v 41 woyaa kuulante woyyittii ta Aaroniin hayyichii fi ilmaan isaa addee woyyittii keessa yennaa hayyumma'aan tajaajilanu uffatanu fidane. \v 42 Israa'elooti hujii mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti hujane. \v 43 Muuseen hujii mara akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti hujuu isaanii dhagge. Achiin duuba inni isaan eebbise. \c 40 \s1 Dhaabamiisa Dunkaanii Woyyitti'ii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 2 «Dunkaanii Woyyittii, Dunkaanii Woldeenna'aa san ji'a tokkeesso'oo guyyaa qaraa dhaabi. \v 3 Saanduqa Gondooro'oo ka dhakaan baxxichi ajaji kudhan irratti barreeffameeru keessa jiru san isii keessa keyiitii, golla'aan golli. \v 4 Xarapheessaa Dunkaanii Woyyittii keessa galchiitii meya isaa irra naqi; achiin duuba waan issaa irra keyanulle Dunkaanii Woyyittii keessa galchiitii issaa isi'ii irra naqi. \v 5 Addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamu ta worqii irraa hujante san Saanduqa Gondooro'oo ka dhakaan baxxichi ajaji irratti barreeffameeru keessa jiru san dura keyiitii, seensuma Dunkaanii Woyyitti'iille'etti gollaa keyi. \p \v 6 «Addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu seensuma Dunkaanii Woyyitti'ii, Dunkaanii Woldeenna'aa san dura keyi; \v 7 qorii itti dhiqatanu Dunkaanii Woldeenna'aatii fi addee ciinca'aa wodhakkaa keyiitii, bisaan itti naqi. \v 8 Badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'ii keessaatitti naannessiitii dalleya itti ijaari; seensuma badhinna dalleya Dunkaanii Woyyitti'ii keessaa sanitti gollaa keyi. \p \v 9 «Zayitii muudaa fuudhiitii Dunkaanii Woyyitti'ii fi waan isii keessa jiru mara muudi; isi'ii fi waan isii keessa jiru mara woyyoonsi; isiille woyyuu hin teeti. \v 10 Achiin duuba addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu fi meya isi'ii mara muudi; addee ciinca'aa san woyyoonsi; isiille woyyuu hin teeti. \v 11 Qorii itti dhiqatanuu fi shafee isi'iille muudiitii woyyoonsi. \p \v 12 «Aaronii fi ilmaan isaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa san fidiitii bisaaniin dhiqi. \v 13 Achiin duuba woyaa woyyittii Aaronitti uffisi; isa muudiitii akka inni hayyuu te'ee na tajaajilu woyyoonsi. \v 14 Ilmaan isaa fidiitii qoloo haga miilaa dheerattu itti uffisi. \v 15 Isaan hayyoota te'anee akka na tajaajilanu, akkuma abbaa isaanii muudde isaanille muudi; muudam isaanii kun dhaloota dhufu mara keessatti hayyummaa bara baraa te'ee hin jiraata» jedhe. \p \v 16 Muuseen waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti huje. \v 17 Maarre Dunkaaniin Woyyittiin woggaa lammeesso'oo keessaa ji'a tokkeesso'oo guyyaa qaraa dhaabbatte. \v 18 Muuseen Dunkaanii Woyyittii san yennaa dhaabe, shafeelee isi'ii addee addee isi'iititti keyee, mikikkiloota isi'ii irratti dhaabe; danqaroota isi'ii keessa galchee, utuboota isi'iille dhaabe. \v 19 Achiin duuba inni akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti gollaa Dunkaanii Woyyittii irra diriirse. \v 20 Inni dhakaa baxxicha lamaan ajaji irratti barreeffameeru san fuudhee Saanduqa Gondooro'oo keessa keye; danqaroota qubeelee Saanduqa Gondooro'oo keessa galchee, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu irra keye. \v 21 Achiin duuba akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti Saanduqa Gondooro'oo Dunkaanii Woyyittii keessa galchee, gollaa ittiin gollu fannisee, Saanduqa Gondooro'oo ta dhakaan baxxichi lama ka ajaji kudhan irratti barreeffameeru keessa jiru san golle. \p \v 22 Muuseen xarapheessaa san Dunkaanii Woyyittii san gara kaabaatiin, golla'aan ala, Dunkaanii Woldeenna'aa san keessa keye. \v 23 Akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti fuula Mootii Waan Maraa duratti daabboo irra keye. \v 24 Inni waan issaa irra keyanu Dunkaanii Woldeenna'aa keessa fuullee xarapheessa'aa Dunkaanii Woyyittii gara kibbaatiin keyee, \v 25 akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti issaa fuula Mootii Waan Maraa dura keye. \p \v 26 Muuseen addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante san Dunkaanii Woldeenna'aa keessa gollaa fuula dura keyee, \v 27 akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti hixaana foolee dansa'aa irratti aarse. \v 28 Achiin duuba inni seensuma Dunkaanii Woyyitti'iititti gollaa hidhe. \p \v 29 Inni addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu seensuma Dunkaanii Woyyitti'ii, Dunkaanii Woldeenna'aa san biratti qopheessee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii achi irratti dhikeesse. \p \v 30 Inni qorii itti dhiqatanu wodhakkaa Dunkaanii Woldeenna'aatii fi addee ciinca'aa keyee, akka dhiqatanuuf bisaan itti naqee, \v 31 Muuseen, Aaronii fi ilmaan isaa harka fi miila ifii itti dhiqatane. \v 32 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, isaan yennaa Dunkaanii Woldeenna'aa seenanu yookiin yennaa addee ciinca'aatitti dhikaatanu mara hin dhiqatan. \p \v 33 Achiin duuba Muuseen badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'iitii fi addee ciinca'aatitti naannessee dalleya ijaaree, seensuma badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'ii keessaatitti gollaa hidhe; maarre akka kanaan Muuseen hujii fixe. \s1 Ulfinna Mootii Waan Maraa \p \v 34 Achiin duuba duumensi Dunkaanii Woldeenna'aa gollee, ulfinni Mootii Waan Maraalle Dunkaanii Woyyittii san guute. \v 35 Duumensi Dunkaanii Woldeenna'aa irratti waan bu'eef, ulfinni Mootii Waan Maraalle Dunkaanii Woyyittii waan guuteef, Muuseen gara Dunkaanii Woldeenna'aa seeniisaaf hin dandeenne. \v 36 Yennaa duumensi Dunkaanii Woyyittii irraa ka'e mara, Israa'elooti ka'anee ideeman; \v 37 duumensi Dunkaanii Woyyittii irraa yoo ka'uu dhabe ammoo, haga guyyaa duumensi irraa ka'utti achii ka'anee hin ideemanu. \v 38 Maarre Israa'elooti yennaa ideemanu mara, guyyaa guyyaa duumensi Mootii Waan Maraa Dunkaanii Woyyittii irra, halkan halkan ibiddi duumensa keessa jiruun dhaggan.