\id EST - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Asteerii \toc1 Kitaaba Asteerii \toc2 Kitaaba Asteerii \toc3 Ast. \mt1 Kitaaba Asteerii \imt Seensa \ip Kitaaba Asteerii keessatti wonni barreeffameeru, addee mootiin moototaa ka Faaresii ganna le'u keessatti, waan te'e yennaa te'u, dubartittii jajjabeenna gudda'aa fi jaalala guddaa kolbaa ifiitiif qadduun, kolbaa ifii harka diinotaatiin badiisa irraa ta hamburte, Yihudittii janna ta, «Asteer» jedhantee moggaafante takka irratti xiyyeeffata; kitaab kun jilti Yihudootaa ta, «Furiim» jedhantee beekkantu, attam akka jalqaddee fi hiikkaan isi'ii maan akka teete hima. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Asteer Giittii teete\ior 1:1—2:23\ior* \io1 Haamaan Yihudoota Balleessiisaaf Mala dhowe\ior 3:1-15\ior* \io1 Mordekaayi Qarqaarsa Asteer Gaafate\ior 4:1-17\ior* \io1 Mordekaayi Ulfinna Dhaggate\ior 5:1—6:14\ior* \io1 Haama'atti Duuti Murante\ior 7:1-10\ior* \io1 Yihudooti Diinota Ifi Irraa Dhooggatanee Balleessane\ior 8:1—9:19\ior* \io1 Jila Furiimii\ior 9:20-32\ior* \io1 Guddinna Ahashwerosiitii fi Mordekaayii\ior 10:1-3\ior* \c 1 \s1 Giittittiin Waashit Mooticha Ahashiwerosiif Ajajamuu Didde \p \v 1 Bara mootichi Ahashiweros biyya Hindiitii haga biyya Itoophiya'aa\f + \fr 1:1 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* biyya dhibbaa fi diddamii torba bulchu keessatti wonni te'e ka asii gad jiru: \v 2 bara san mootichi Ahashiweros qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti, barcumaa mootumma'aa ka ifii irra tee'ee bulchaayyu; \v 3 inni mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti areertii\f + \fr 1:3 \fr*\fqa Areertii: \fqa*\ft Yookiin nyaachisa yookiin affeerra.\ft*\f* qopheessee qondaaltota ifiitii fi worra gugurdaa waame; jila tana irratti sooreyyiin loltoota Faaresiitii fi Medoonii, sooressitooti biyyaatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa dhaggamaneeraniiyyu. \v 4 Inni guyyaa dhibbaa fi saddeettama guutuu, qabeenna guddaa mootummaa ifii, arnyaa fi ulfinna ifii mudhise. \p \v 5 Achiin duuba mootichi Ahashiweros worra qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessa le'u, gudda'aa fi diqqaa mara, mana mootummaa ifii keessatti badhinna oorru'uun marfametti, jila jilisee guyyaa torbaaf waame. \v 6 Badhinni addee oorru'uu sun gollaa quncee talba'aa irraa hujame adi'ii fi dhiillee qabaayyu; gollaan sun wodaroo quncee talba'aa adi'ii fi dhiillee irraa dhowamee, qubee meeti'iititti hidhamee, utubaa cabbii cululuxxu'uu irratti gad rarraafameeraayyu; taqeen gaggabaadduun worqi'ii fi meetii irraa hujamane, lafa dhakaan gatii guddo'oo adiin, diima'aa fi dadansaan dhibiin irratti afamane irra jiraniiyyu. \v 7 Mootichi daadhii woyni'ii ta mootumma'aa bacaa waan qabuuf arjoomee, muduunuu adda addaa ta worqii irraa hujanteen namootaaf akka qoodanu godhe. \v 8 Nama tokko tokkoofuu akka fedha isaatitti daadhii woyni'ii akka kennanuuf, mootichi tajaajiltoota ifii mara waan ajajeef, keessummooti martinuu haga fedhane unane. \p \v 9 Giittittiin Waashitille mana mootumma'aa ka Ahashiwerosii keessatti dubartootaaf jila jilitte. \p \v 10 Jilti jalqabantee guyyaa torbeesso'ootitti, mootichi Ahashiweros daadhii woyni'ii unee yennaa gammade, guneessota torba worra isa tajaajilanu Mihumaan, Biiztaan, Harbonaa, Biigtaan, Abaagtaa, Zetaarinii fi Karkaasin waamee, \v 11 «Giittittiin Waashit kallacha mootumma'aa keyattee akka as dhuttu godha'a» jedhee isaan ajaje; mootichi giittittiin Waashit guddoo dansittii waan teeteef, kolba'aa fi qondaaltotatti mudhisiisaaf tana godhe. \v 12 Tajaajiltooti mootichaa guneeyyiin, ajaja mootichaa giittittii Waashititti yennaa himane ammoo, isiin mooticha dura dhikaatiisa didde; achiin duuba mootichi aaree bobe'e. \p \v 13 Haajaa seeraatii fi haqaa ilaalchisee, beekkolee qorachuun mooticha biratti waan baratame waan teeteef, beekkolee woliin mari'ate. \v 14 Beekkoleen mootichi yennaa mara woliin mari'atu qondaaltota Faaresiitii fi Medoonii torba worra mootummaa keessatti baallii guddoo qabanu Karshenaa, Shetaar, Admaataa, Tarshiish, Meres, Marsena'aa fi Memukaan. \v 15 Mootichi, «Giittittiin Waashit ajaja ani mootichi Ahashweros guneessota tajaajiltoota tiyya itti ergee isii ajaje waan diddeef, akka seeraatitti maan isii godhuu woyya?» jedhee gaafate. \p \v 16 Achiin duuba Memukaan mootichaa fi qondaaltota duratti, «Giittittiin Waashit ka qaanessite mooticha qofa adoo hin te'in, qondaaltota maraa fi kolbaa kutaa biyya Ahashwerosii keessa jiranu mara qaanessite. \v 17 Waan isiin goote kana dubartooti marti hin dhage'an; maarre isaan, ‹Mootichi Ahashiweros giittittii Waashit gara isaa akka dhuttuuf ajajulle, isiin ammoo dhufuu didde› jedhanee, dhirsoota ifii hin tuffatan. \v 18 Dubartooti qondaaltota Faaresiitii fi Medoonii worri oduu giittittii tanaa dhage'ane, adhuma tana akkuma isiin jette, isaanille dhirsoota ifiitiin hin jedhan; dubartooti biyyaa martinuu dhirsoota ifiitiif ulfinna kennuu lakkisanee, dhirsoota ifii woliin wol hin lolan. \v 19 Maarre mootii keenna! Yoo fedhii teeti teete, giittittiin Waashit si mooticha Ahashiweros dura akka hin dhikaanneef, ajaja baasiitii seera Faaresiitii fi Medoonii ka jijjiiramuu hin dandeenne keessatti barreessi; giittummaa isi'iille dubartii isii caaltu ta dhibi'iif kenni. \v 20 Achiin duuba ajaji keeti mootummaa teeti badhoo tana duudii keessatti yennaa himamu, dubartooti martinuu, kun dureessa kun hiyyeessa adoo hin jedhin dhirsoota ifiitiif ulfinna hin kennan» jedhe. \p \v 21 Mootichii fi qondaaltoti marti gorsa kanatti gammadane; maarre mootichi akkuma Memukaan jedhe godhe. \v 22 Mootichi Ahashiweros barreeffama, «Abbaan manaa martinuu mana ifii irratti bulchaa te'ee, afaan kolbaa ifii dubbatuu ti!» jedhu, kutaa biyyaa tokko tokkoofuu akka isaan itti barreeffatanutti\f + \fr 1:22 \fr*\fqa Akka isaan itti barreeffatanutti: \fqa*\ft Akkaataa qubee isaaniitiin jechu'u.\ft*\f*, kolbaa maraaf afaan isaaniitiin barreessee, kutaa biyya mootummaa ifii maratti erge. \c 2 \s1 Asteer Giittii Teete \p \v 1 Mootichi Ahashiweros aarii caffateen duuba, waan giittittiin Waashit gootee fi marroo lassii isii irratti dabarsee yaadate. \v 2 Achiin duuba gorsitoota mootichaa keessaa worri isatti dhikaatu, mootichaan, «Durra dadansaa sii barbaadanuu ti. \v 3 Mootummaa teeti keessatti, kutaa biyyaa mara keessatti, durra dadansaa filanee, qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti gara mana dubartooti si'iif filamane le'anuu fidanee itti gaafatamaa dubartootaa guneessicha Hegaayitti kennanee inni isaan eeguu ti; dibati dansumma'aalle isaaniif kennamuu ti. \v 4 Achiin duuba dubartoota tana keessaa ta mooticha gammachiittu addee giittittii Waashitii, giittii teetuu ti» jedhane; gorsi kun mooticha gammachiisee, inni akkuma isaan jedhane godhe. \p \v 5 Bara san gosa Beniyaaminii keessaa Yihudichi tokko abuuboon Qiishii, akaakoon Shiimi'aayii, ilmi Yaa'iirii Mordekaayi qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessa jiraayyu. \v 6 Inni namoota mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii Yihuda'aa Yikoniyaa\f + \fr 2:6 \fr*\fqa Mootichi Yikoniyaan: \fqa*\ft Mooticha Yehoyaakiin ka kitaaba 2 Mot. 24:6 keessa jiru woliin tokkuma.\ft*\f* woliin Yerusaalemii booji'e keessaa tokko. \v 7 Mordekaayi intala obboleessa abbaa ifii ta, «Hadaasa» jedhantu ta, «Asteer» jedhantee moggaafante qabaayyu; isiin intala dhaaba toltuu fi bifa miidhaddu. Isiin abba'aa fi haadha waan hin qanneef, Mordekaayi fudhatee akka intala ifiititti isii guddise. \v 8 Ajajii fi lassiin mootichaa yennaa dhage'ante, durra hedduu gara qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabuu fidanee, Hegaayiin dubartoota eegu, akka inni isaan eeguuf itti kennane. Asteerille gara mana mootumma'aa geessanee Hegaayitti kennane. \v 9 Asteer fuula Hegaayii duratti jaalatamaa fi fudhatama dhaggatte; innille ariiti'iin dibata dansummaa isi'iitiif barbaachisuu fi sagalee addaa kennisiiseef. Mana mootumma'aa keessaa durra filamane torba, akka isi'iif tajaajilanu addaan baaseefii, mana dubartootaa keessaa ta addee mara caaltutti tajaajiltoota isi'ii tana woliin isii dabarse. \p \v 10 Mordekaayi waan dhooggeeruuf, Asteer nama biyya kamiitii fi maatii kamii akka teetee hin mudhinne. \v 11 Mordekaayi nageya Asteerii yookiin waan isii irra gewu beekiisaaf, guyyuma guyya'aan badhinna mana dubartootaa dura asii fi achi deddeebi'aa ture. \p \v 12 Durri takka gara mooticha Ashiwerosii seeniisaaf, badoon isi'ii adoo hin geyiniin dura, ji'a jaa dibata qumbi'iitiin, ji'a jaa fiqire'ee fi uddowaa adda addaatiin wolumatti ji'a kudhanii lama qopheeffamuu qaddiiyyu. \v 13 Achiin duuba mana dubartootaa keessaa waan isiin barbaaddu mara kennaneefii, gara mana mootumma'aa dhaquu dandeetti. \v 14 Galgala mooticha woliin rattee, boruyyaa ganama gara mana dubartootaa ka lammeesso'oo ka Sha'asgaaziin guneessichi mootichaa gursumeeyyii itti eegu dhaxxi; mootichi isi'itti gammadee maqa'aan yoo isii hin waamamin, gara isaa hin deebitu. \p \v 15 Intalti Abiihaayilii obboleessa abbaa Mordekaayii Asteer, ta Mordekaayi akka intala ifii guddiffate, badoon isiin gara mootichaa seentu yennaa geette, isiin waan Hegaayiin guneessichi dubartoota eegu akka isiin fudhattu hime malee waan tokkolle hin gaafanne. Isiin nama isii dhagge mara duratti fudhatama dhaggatte. \v 16 Ahashiweros mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti, ji'a kudhaneesso'oo ka, «Xebet» jedhamu keessa gara mana mootumma'aa isii geessane. \p \v 17 Mootichi durra taan caalaa Asteer jaalate; isiin durra san mara keessaa isa duratti fudhatama dhaggatte. Maarre mootichi kallacha mootumma'aa itti keyee, addee Waashitiititti akka isiin giittii teetu godhe. \v 18 Achiin duuba mootichi ulfinna Asteeriitiif, namoota gugurda'aa fi qondaaltota mootumma'aatiif areertii guddoo qopheesse; kutaa biyyaa maratti guyyaa jilaa lassee akka arjummaa ifiititti kennansa namootaaf kenne. \s1 Mordekaayi Lubbuu Mootichaa Hambure \p \v 19 Lammeessoo durri sun yennaa wolitti qabante, Mordekaayi karra mootichaa dura tee'eeraayyu. \v 20 Asteer Mordekaayi yennaa isii guddise isaaf ajajamaa waan turteef, gorsa isaa hordofiisaaf, akkuma inni isi'itti hime, nama biyya kamiitii fi maatii kamii akka teete hin mudhinne. \p \v 21 Bara Mordekaayi karra mootichaa dura tee'u san, worra karra mootichaa eegu keessaa namooti lama Biigtaanii fi Teresh aaranee, mooticha Ahashiweros ijjeesiisaaf mala dhowane. \v 22 Mordekaayi ammoo mala dhowame kana beekee, giittittii Asteeritti hime. Isiille akka Mordekaayi mala dhowame kana beeke mootichatti hinte. \v 23 Dubbiin qoratantee dhugaa yennaa teete, jarri lamaanuu muka irratti fannifamane; wonni kun marti mooticha duratti galmee dabarsi'ii keessatti barreeffante. \c 3 \s1 Haamaan Yihudoota Balleessiisaaf Mala Dhowe \p \v 1 Waan kanaan duuba mootichi Ahashiweros, ilma Hamedaata'aa, Haamaanii sanyii Agaagii te'eef\f + \fr 3:1 \fr*\fqa Agaag: \fqa*\ft Mootii Amaaleeqootaa ti; kolbaan isaa diinota kolbaa Israa'elii turte. 1Sa 15:8,33.\ft*\f* ulfinna kennee, qondaaltota dhibii mara caalaa baallii guddoo kenneef. \v 2 Isaan Haamaaniif jilbiiffatanee ulfinna akka kennanu mootichi waan ajajeef, tajaajiltooti mootichaa worri seensuma karra mootichaa jiranu marti, jilbiiffatanee Haamaaniif ulfinna kennane; Mordekaayi ammoo hin jilbiiffanne yookiin ulfinna isaaf hin kennine. \v 3 Achiin duuba tajaajiltooti mootichaa worri seensuma karraa jiranu, «Ati ajaja mootichaa maaniif diddaa?» jedhanee Mordekaayi gaafatane. \v 4 Guyyuma guyya'aan itti deddeebi'anee gaafatane; inni ammoo hin dhageenne. Inni Yihudii akka te'e isaanitti waan himeef, didduma tanaan akka inni hafu beekuu barbaadanee, dhaqanee marroo isaa Haamaanitti himane. \v 5 Haamaan akka Mordekaayi isaaf hin jilbiiffatin yookiin ulfinna isaaf hin kennin yennaa dhagge, akka malee aare. \v 6 Gosi isaa Yihudii akka te'e waan itti himaneef, Haamaan Mordekaayi callaa ijjeesuu tuffate; addee san Yihudoota kolbaa Mordekaayii mara mootummaa Ahashiwerosii duudii keessaa balleessiisaaf mala dhowe. \p \v 7 Ahashiweros mootii te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo ka «Niisaan» jedhamu keessa [guyya'aa fi ji'a gargar baasanee beekiisaaf] Haamaan duratti hixaa «Puuriim» jedhamu buusane; hixaalle ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu irra bu'e. \p \v 8 Achiin duuba Haamaan mooticha Ahashiwerosiin, «Kolbaa Kutaa biyya mootummaa teetii mara odduu kolbaan bittinnoottee leetu takka jirti; seerri isaanii seeraa kolbaa dhibi'ii mara irraa adda; seera mootichaatiifille hin ajajamanu; tanaaf kolbaa tana cadhisanee ilaaluun mootichaaf hin toltu. \v 9 Dubbiin tun si mooticha yoo gammachiitte, isaan balleessiisaaf lassiin baatuu ti; akka isaan mana meyaa keeti keessa keyanu, anille namoota itti gaafatantoota mana meyaatitti meetii kiiloogiraama kuma dhibba sadii fi afurtamaa hin kenna» jedhe. \p \v 10 Maarre mootichi qubee chaappa'aa quba ifii irraa baasee, ilma Hamedaata'aa, Haamaanii sanyii Agaagii ka diina Yihudootaa te'e sanitti kenne. \v 11 Mootichi Hamaaniin, «Meetiin si'iifuu hattuu ti; kolbaalle teetuma, waan feete godhadhu» jedhe. \p \v 12 Achiin duuba ji'a tokkeesso'oo, gaafa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, barreessitooti mootichaa waamamane; isaan ajaja Haamaanii mara kutaa biyyaa tokko tokkootiifuu akka isaan itti barreeffatanutti\f + \fr 3:12 \fr*\fqa Akka isaan itti barreeffatanutti: \fqa*\ft Akkaataa qubee isaaniitiin jechu'u.\ft*\f*, afaan isaaniitiin bulchitoota biyyoota mooticha jala jirtuutiif, bulchitoota kutaa biyyaa ta adda addaatii fi qondaaltota kolbaa adda addaatiif maqaa mooticha Ahashwerosiitiin barreessanee chaappaa qubee quba mootichaatiin dhowane. \v 13 Ajaji barreeffamaa namoota rukke'een geessanutti kennamee, ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu keessa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, dargaggoota, jaarsolee, dubartootaa fi ijoollee Yihudootaa mara guyyaa tokkocha akka balleessanu, akka ijjeesanuu fi ijjumaa akka haxowanu, qabeenna isaaniille akka saamanuuf gara kutaa biyya mootichaa maratti ergame. \v 14 Kolbaan marti guyyaa saniif akka qophoottuuf, barreeffam ajaja san irraa garagalfamee gosa kutaa biyyaa keessa jiranu maratti beessifame. \v 15 Ergantooti ajaja mootichaatiin ariifatanee bayane; ajaji sun qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti maxxanfame. Mootichii fi Haamaan uniisaaf tee'ane; worri qachaa Suusaa ammoo raafame. \c 4 \s1 Mordekaayi Qarqaarsa Asteer Gaafate \p \v 1 Mordekaayi waan te'e san mara yennaa beeke, gaddee woyaa ifii tarsaase. Achiin duuba woyaa gaddaa uffatee, daadhaa mataa ifii irratti firfirsee, qoonqoo ol qabatee mararfatee bowaa gara qacha'aa seene. \v 2 Nami woyaa gaddaa uffatee, seensuma karra mootumma'aa akka seenu waan hin eeyyanneef, inni haga seensuma karra mootichaa qofa dhaqe. \v 3 Kutaa biyyaa ta ajajaa fi lassiin mootichaa geette maratti, Yihudoota oddu'utti gaddi guddaan te'ee, laamanee, wiiccifatanee bowane; worri hedduulle woyaa gaddaa uffatee, daadhaa ifi irratti firfirsee tee'e. \p \v 4 Durrii fi guneessoti Asteer tajaajilanu, marroo Mordekaayii yennaa isi'itti himane guddoo rifattee, addee woyaa gaddaa woyaa dhibii akka uffatu isaaf ergite; inni ammoo fudhatuu dide. \v 5 Achiin duuba Asteer guneessicha akka isii tajaajiluuf guneeyyii mootichaa keessaa filame ka «Hataak» jedhamu tokko waantee, Mordekaayi maan akka rakkatee fi maaf akkas akka te'e akka gaafatu itti ergite. \v 6 Maarre Hataak badhinna karra mana mootumma'aa dura jirtu keessatti, gara Mordekaayii dhaqe. \v 7 Mordekaayi waan isa irra dhaqqabe maraa fi Haamaan kolbaa Yihudootaa balleessiisaaf beesee hagamii, mana meyaa ka mootichaatitti galii godhiisaaf waadaa akka gale itti hime. \v 8 Kolbaa Yihudootaa balleessiisaaf qachaa Suusaa keessatti, barreeffama lassii baate irraa garagalfame, akka Asteeritti mudhisee diidessuu fi akka isiin gara mootichaa dhaxxee kolbaa ifiitiif marartii akka isa kadhattu, akka isii ajaju Mordekaayi Hataakitti hime. \v 9 Hataak deebi'ee deemee waan Mordekaayi jedhe Asteeritti hime. \v 10 Achiin duuba Asteer gara Mordekaayi isa ergitee, \v 11 « ‹Tajaajiltooti mootichaatii fi kolbaan kutaa biyya mootichaa keessatti dhaggamanu marti, dhiirti yookiin dubartiin adoo hin waamamin, badhinna mana mootumma'aa ka gara keessaa seenee mootichatti ka dhikaateef, mootichi seera tokko qofa akka qabu eennulle hin beeka; kunille nami sun hin ijjeefama; te'uu malee nami mootichi ulee ifii ta worqii irraa hujante itti qabe hin ijjeefamu; ani ammoo gara mootichaa akka seenuuf haga waamameen guyyaan soddom dabareera› jedhiin» jetteen. \p \v 12 Ergaa Asteerii Mordekaayitti yennaa himane, \v 13 inni deebisee, «Ati mana mootumma'aa keessa waan jirtuuf, Yihudoota mara keessaa ati callaan waan hattu hin seyin. \v 14 Yennaa akkanaa tana ati cadhittee yoo ilaalte, Yihudoota ka qarqaaruu fi ka baasu addee dhibi'ii hin dhufa; atii fi maatiin abbaa keetii ammoo hin dhumattan. Giittii te'iis keeti yennaa akkanaa tanaaf te'uu maanti beeka?» jedhee Asteeritti erge. \p \v 15 Achiin duuba Asteer deebii tana Mordekaayitti ergitee, \v 16 «Dhaqiitii, Yihudoota Susaan keessa jiranu wolitti qabiitii, naaf laama'a; haga guyyaa sadiitii fi halkan sadii womaa hin nyaatina'a; hin uninaalle'e. Anii fi durri tajaajiltooti tiyya akkasuma hin goona. Saniin duuba seerri dhooggulle, gara mootichaa hin dhaqa; yoo du'elle du'uu ti» jette. \p \v 17 Maarre Mordekaayi deemee, waan Asteer isa ajajjee mara godhe. \c 5 \s1 Gaaffii Asteer Mooticha Gaafatte \p \v 1 Guyyaa sadeesso'oo Asteer woyaa ifii ta mootumma'aa uffattee, badhinna mana mootumma'aa ka gara keessaa seentee, mana mootichi tee'u dura dhaabbatte; mootichi mana mootumma'aa ka ifii keessa fuullee seensuma karraa, barcumaa mootummaa ifii irra tee'eeraayyu. \v 2 Mootichi, Asteeriin giittittiin ala dhaabbatteertuun yennaa dhagge, isiin isa duratti fudhatama dhaggattee, inni ulee ifii ta worqi'ii gara isi'ii qabe; isiille itti dhikaattee qaccee ulee sanii tuxxe. \v 3 Achiin duuba Mootichi isi'iin, «Giittii Asteer maaloo? Maan barbaadda? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kenna» jedhe. \p \v 4 Asteer deebittee, «Mooticha, yoo si gammachiitte, areertii ani adha si'iif qopheesse irratti Haamaan woliin kowa'a» jette. \p \v 5 Kanaan duuba mootichi tajaajiltoota ifiitiin, «Waan Asteer gaafatte akka goonu, ariiti'iin Haamaan waama'a!» jedhe; maarre mootichii fi Haamaan gara areertii Asteer qopheessitee dhaqane. \v 6 Daadhii woyni'ii adoo uniisatti jiranuu mootichi ammalle Asteeriin, «Wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kennanti» jedhe. \p \v 7 Asteer deebittee, «Gaaffiin tiyyaa fi wonni ani barbaadu, \v 8 ani yoo si duratti fudhatama dhaggadhee, waan ani si gaafadhe naa kenniisaaf, waan ani barbaadelle naa muummessiisaaf yoo si gammachiitte, atii fi Haamaan areertii ani isiniif qopheessu irratti boru dhaggama'a. Achiin duuba anille gaaffii teetiif deebii hin kenna» jette. \p \v 9 Guyyaa san Haamaan gammadee miirri isaa itti tolee, achii gad bayee deeme; inni karra mootichaa duratti Mordekaayi yennaa dhagge ammoo, waan inni isaaf ol hin ka'iniif yookiin sodaatee hin sheephisiniif Mordekaayitti guddoo aare. \v 10 Te'uu malee Haamaan akkuma te'e te'ee ossee, mana ifii dhaqe; achiin duuba inni jaalota ifiitii fi haadha manaa ifii Zeresh waansisee, \v 11 dureessa akka te'e, ijoolleen isaa hedduu akka teete, mootichille qondaaltotaa fi tajaajiltoota dhibii caalaa ulfinna guddaa attamii akka isaaf kenne odeessaa koore. \v 12 Haamaan ede'eelle, «Tana qofa adoo hin te'in, areertii giittittiin Asteer qopheessite irratti mooticha woliin ana malee nami waamame tokkolle hin jiru; isiin borulle mooticha woliin na waanteerti. \v 13 Ammoo Mordekaayiin Yihudichi seensuma karra mootichaa tee'uun waan dhagguuf, tun marti na hin gammachiittu» jedhe. \p \v 14 Achiin duuba haati manaa isaa Zereshii fi jaaloti isaa marti, «Muka nama itti fannisanu ka dheerinni isaa ciqilee shantamaa qopheessiitii, Mordekaayi itti fannisiisaaf boru barii mooticha gaafadhu; achiin duuba gammadaa mooticha woliin gara areerti'ii deenta» jedhaneen. \p Yaadi kun Haamaan waan gammachiiseef, muka itti fannisanu qopheesse. \c 6 \s1 Mordekaayi Ulfinna Dhaggate \p \v 1 Halkan san mootichi hirriiba waan dhabeef, kitaaba dabarsiin mootumma'aa itti galmeeffante fidanee akka dubbisanu ajaje; isaanille fidanee dubbisaneef. \v 2 Kitaaba san keessatti guneessoti balbala mootichaa eeganu lamaan Biigtaanaanii fi Teresh, mooticha ijjeesiisaaf mala dhowane, Mordekaayi attam akka hime barreeffamee dhaggame. \v 3 Mootichi, «Tana waan godheef ulfinnii fi guddinni Mordekaayi dhaggate maan?» jedhee gaafate. \p Tajaajiltooti isaa deebittee, «Wonni tokkolle isaaf hin godhanne» jette. \p \v 4 Mootichi, «Badhinna mana mootumma'aa keessa eentu jira?» jedhee gaafate; yennaa san Haamaan muka nama itti fannisanu qopheesse san irratti Mordekaayi akka fannifamu eeyyama mooticha irraa gaafatiisaaf, badhinna mana mootumma'aa ka gara alaa reefuu seeniisatti jiraayyu. \v 5 Maarre tajaajiltooti mootichaa, «Kunoo, Haamaan badhinna dhaabbateera» jetteen. \p Mootichille, «Seen jedha'aan» jedhee ajaje. \p \v 6 Yennaa Haamaan seene mootichi, «Nama mootichi ulfinna guddaa kennuu fedhuuf maanti godhama?» jedhee isa gaafate. \p Haamaalle, «Na caalaa nami mootiin ulfinna kennuuf eentu jira ree?» jedhee yaadate. \p \v 7 Maarre Haamaan deebisee mootichaan, «Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf, \v 8 woyaa mootumma'aa ta mootiin ifiif uffattuu fi farda mootiin ifiif irra tee'u ka kallachi mootichaa mataa isaatitti keyame akka fidanu godhi. \v 9 Achiin duuba woyaan sunii fi fardi sun qondaaltota gugurdoo mootumma'aa keessaa nama tokkotti kennamuu ti; inni nama mootiin ulfinna kennuu fedhu sanitti uffisee, farda isaaf qophowe irra teessisee, badhinna qacha'aa keessa dura isaa ideemaa, ‹Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf, akkana godhama› jedhee lassuu ti» jedhe. \p \v 10 Mootichi Haamaan ajajee, «Ariifadhuutii, akkuma amma jette, woya'aa fi farda qopheessiitii, Mordekaayii Yihudicha karra mootichaa dura tee'eeruuf, akkuma amma jette godhiif; waan dubbatte mara keessaa takkaalle hin hafin» jedhe. \p \v 11 Maarre Haamaan woya'aa fi farda qopheessee, woyaa Mordekaayitti uffise; Mordekaayi farda irra tee'een duuba, Haamaan badhinna qacha'aa keessa isa dura deemaa, «Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf, akkana godhama!» jedhee lasse. \p \v 12 Achiin duuba Mordekaayi gara karra mootichaa deebi'e; Haamaan ammoo gaddee mataa ifii hagooggatee gara mana ifii fiige. \v 13 Inni waan isa irratti te'e mara haadha manaa ifii Zereshii fi gorsitoota ifii san maratti hime. Achiin duuba haati manaa isaatii fi gorsitooti isaa sun, «Mordekaayiin ati amma isa duratti jilbiiffatiisa jalqadde kun, sanyii Yihudi'ii yoo te'e, isa injifatiisaaf hin dandeettu. Ati dhugumaan hin badda» jedhaneen. \p \v 14 Isaan adoo isa woliin dubbatiisatti jiranuu, guneeyyiin mootichaa dhufanee, ariiti'iin Haamaan gara areertii Asteer qopheessitee geessane. \c 7 \s1 Haamaanitti Duuti Murante \p \v 1 Maarre mootichii fi Haamaan gara areertii giittittiin Asteer qopheessitee dhaqane. \v 2 Guyyaa lammeesso'oo daadhii woyni'ii uniisatti adoo jiranuu mootichi ammalle, «Giittittii Asteer, wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kennanti» jedhe. \p \v 3 Giittittiin Asteer deebittee, «Mooticha kiyya, si duratti fudhatama dhaggadhee, ka si gammachiisu yoo te'e, akka ani hin duune na hamburi, wonni gaafadhu tana; kolbaa tiyyalle hamburi, wonni ani barbaadu tana. \v 4 Anii fi kolbaan tiyya badiisaaf, ijjeefamiisaa fi muxuqi jedhiisaaf gurguranneera; nuuti dhiiraa fi dubartiin garba te'iisaaf adoo gurgurannee jiraanne, tun mooticha rakkisuu waan hin geenneef ani silaa hin cadhisaayyu» jette. \p \v 5 Achiin duuba mootichi Ahashiweros, «Nami tana godhiisaaf game eennu? Nami kun eessa jira?» jedhee giittittii Asteer gaafate. \p \v 6 Asteer deebittee, «Nyaaphi keennaa fi diinni keenna Haamaanii nama hamaa kana!» jette. \p Achiin duuba Haamaan mootichaa fi giittittii duratti bararaqe. \v 7 Mootichi aari'iin ol ka'ee, daadhii woyni'ii lakkisee gad bayee, gara oorruu mana mootumma'aa dhaqe. Haamaan ammoo akka mootichi isa ijjeesiisaaf murteeffate beekee, du'a irraa ifi hamburiisaaf, Asteer kadhatiisaaf duubatti hafe. \v 8 Mootichi oorruu mana mootumma'aatii gara mana areerti'ii yennaa deebi'e, Haamaan taqee giittittiin Asteer irra irkattu irratti jigeeraayyu; mootichi, «Namichi kun mana keessatti, adduma ani jirutti giittittii Asteer woliin hunnaan rafiisa fedhaa?» jedhe. \p Akkuma mootichi tana dubbateen, tajaajiltooti fuula Haama'aa gollane\f + \fr 7:8 \fr*\fqa Fuula Haama'aa gollane: \fqa*\ft Akka seera isaaniititti fuula golliis duuti akka itti murante mudhisa.\ft*\f* \v 9 Achiin duuba guneessota keessaa «Harbonaa» ka jedhamu, «Kunoo, muki nama itti fannisanu ka dheerinni isaa ciqilee shantamaa mana Haamaanii bira jira; Haamaan muka kana Mordekaayii si mooticha du'a irraa hamburiisaaf dubbate itti fannisiisaaf qopheesse» jedhe. \p Mootichille, «Haamaan muka san irratti fannisa'a» jedhee ajaje. \p \v 10 Maarre Haamaan muka Mordekaayiif qopheesse san irratti fannifame; achiin duuba aariin mootichaa qabbanootte. \c 8 \s1 Mootichi Kolbaa Yihudootaa Qarqaare \p \v 1 Guyyuma san mootichi Ahashiweros karra Haamaanii diina Yihudootaa san Asteerii giittitti'iif kenne; isiin Mordekaayi woliin firooma akka qabanu mootichatti waan hinteef, Mordekaayi mooticha dura dhikaate. \v 2 Mootichi qubee quba ifii ta chaappaa qaddu, ta Haamaan irraa fudhateeru san, ifi irraa baafatee Mordekaayiif kenne. Asteerille karra Haamaanii san irratti Mordekaayiif baallii kennite. \p \v 3 Ammalle Asteer miila mootichaatitti jiddee, karoorri hamaan, sanyiin Agaagii ka te'e Haamaan Yihudoota irratti baase sun, isaan irraa akka ka'uuf iyyitee boottee isa kadhatte. \v 4 Mootichi ankaashee worqi'ii gara Asteerii waan qabeef, isiin ol kaatee isa dura dhaabbatee, \v 5 «Mooticha kiyya, yoo si gammachiitte, anille si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, tana godhiis sirrii yoo sitti fakkaatte, analle'etti yoo gammadde, barreeffam sanyiin Agaagii ilmi Hamedaataa Haamaan, Yihudoota mootummaa teeti keessa jiranu mara balleessiisaaf karoorfatee barreesse san, ajaji kaasu barreeffamuu ti! \v 6 Ani balaa kolbaa tiyya irra gewu, badii maatii tiyyaalle dhaggaa attam ossuu dande'a ree?» jette. \p \v 7 Achiin duuba mootichi Ahashiweros, Asteerii fi Mordekaayii Yihudichaan, «Kunoo, Haamaan Yihudoota balleessiisaaf mala waan dhoweef, karra isaa Asteeriif kenneera; isalle muka irratti fannisaneeran. \v 8 Barreeffam maqaa mooti'iitiin barreeffamee chaappaa qubee isaatiin mallatteeffame waan hin jijjiiranneef, isin marroo Yihudootaatiif waan dansaa isinitti fakkaate, maqaa kiyyaan barreessa'aatii, chaappaa qubee tiyyaatiin dhowa'a!» jedhe. \p \v 9 Ji'a sadeesso'oo ka «Siiwaa» jedhamu, guyyaa diddamii sadeesso'ootitti barreessitooti mootumma'aa waamamane; isaan ajaja Mordekaayii mara akka isaan itti barreeffatanutti\f + \fr 8:9 \fr*\fqa Akka isaan itti barreeffatanutti: \fqa*\ft Akkaataa qubee isaaniitiin jechu'u.\ft*\f*, afaan isaaniitiin bulchitoota biyyoota mooticha jala jirtuutiif, bulchitoota kutaa biyyaa ta adda addaatii fi qondaaltota biyyaatiif, Yihudootaaf, qondaaltota worra biyya Hindiitii haga biyya Itoophiya'aa\f + \fr 8:9 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f*, kutaa biyyaa dhibbaa fi diddamii torba keessatti dhaggamanuuf, maqaa mooticha Ahashwerosiitiin barreessanee, qubee mootichaa ta chaappaa qadduun dhowane. \v 10 Mordekaayi barreeffama kana maqaa mooticha Ahashiwerosiitiin barreessee, chaappaa qubee mootichaatiin dhowee, ergantoota fardoo qoqolchaa mootichaaf leenjifanteen gulufanuun erge. \p \v 11 Yihudooti qachaa gara garaa keessa le'anu wolitti qabamanee, akka ifi irraa dhooggatanu, hunna gosa adda addaa ta kutaa biyyaa mara keessaa isaanii fi dubartoota isaanii, ijoollee isaaniille loliisaaf gara isaanii dhufanu, akka balleessanu, akka ijjeesanu, akka fixanuu fi karra isaaniille akka saamanuuf, barreeffama kana keessatti mootichi eeyyameef. \v 12 Yihudooti kutaa biyya mooticha Ahashiwerosii mara keessatti, ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu keessa, guyyaa kudhanii sadeesso'ootitti guyyaa tokkocha kana akka godhanuuf murteeffame. \v 13 Guyyaa san Yihudooti diinota ifii haluu bayiisaaf akka qophowanu barreeffam ajaja san irraa garagalfamee, gara kutaa biyyaa ta gara garaatii fi kolbaa gosa biyya gara garaatitti seera te'ee akka beekkamu beessifame. \v 14 Ergantooti fardoo mana mootumma'aa irra tee'aneeranu, ajaja mootichaatiin ariiti'iin bayane; lassiin sun qachaa Suusaa keessatti laffante. \p \v 15 Mordekaayi woyaa mootumma'aa bifa cuquliisaa fakkaattuu fi adii uffatee, kallacha worqi'ii guddaa keyatee, woyaa dhiillee quncee talba'aa dansaa irraa hujante uffatee mooticha biraa gad baye; yennaa san worri qachaa Suusaa gammadanee ilillisane. \v 16 Kun Yihudootaaf yennaa ifaa, yennaa gammadaa, yennaa burraassatii fi yennaa ulfinnaa te'e. \v 17 Kutaa biyyaa mara keessaa fi qachoota mara keessatti, addee lassiin mootichaa dhaqqadde maratti, Yihudooti gammadanee burraaqanee jila jilifatane; kolbaa biyya dhibi'ii keessaa hedduun Yihudoota waan sodaataneef, Yihudootatti galane. \c 9 \s1 Yihudooti Diinota Ifii Balleessane \p \v 1 Ji'a kudhanii lammeesso'oo ka, «Adaar» jedhamu, guyyaan kudhanii sadeesso'oo lassiin ajaja mootichaatiin baate guyyaa muummottuuyyu; guyyaa kanatti diinoti Yihudoota injifatiisaaf addii godhataneeraniiyyu; ammoo haalli jijjiiramee Yihudooti worra isaan jibbu injifatane. \v 2 Yihudooti worra isaan miidhiisaaf barbaadanu loliisaaf, kutaa biyya mootii Ahashiwerosii mara keessatti qachuma qachaa ifii keessatti wolitti qabamane; kolbaan dhibiin ta biyya gara garaa marti Yihudoota waan sodaataneef, eennulle isaan injifatiisa hin dandeenne. \v 3 Qondaaltoti, sooressitooti, bulchitooti kutaa biyyaatii fi qondaaltoti mootichaa marti Mordekaayi waan sodaataneef Yihudoota qarqaarane. \v 4 Mordekaayi mana mootumma'aa keessatti guddoo beekkamaa te'e; baalliin isaa ittuma ede'amaa waan deenteef, gurri isaa kutaa biyyaa maratti dhage'ame. \p \v 5 Maarre Yihudooti diinota ifii mara shallaaga'aan ijjeesanee fixane; isaan worra isaan jibbu irratti waan fedhane godhane. \v 6 Qachaa Suusaa keessatti Yihudooti namoota dhibba shan ijjeesanee fixane. \v 7 Ammalle, Phaarshandaataa, Daalfon, Asfaataa, \v 8 Phoraataa, Adaaliyaa, Ariidaataa, \v 9 Paarmashitaa, Ariisayi, Ariidayii fi Wayzaataa, \v 10 ilmaan kudhan ta Haamaanii ilma Hamedaata'aa ka diina Yihudootaa te'ee ijjeesane. Karra isaanii ammoo hin saanne. \p \v 11 Laakkossi namoota qachaa Suusaa keessatti ijjeefamanee guyyuma san mootichatti himame. \v 12 Mootichi giittittii Asteeriin, «Yihudooti qachaa Suusaa keessatti, namoota dhibba shanii fi ilmaan Haamaanii kudhan ijjeesane; kutaa biyya tiyyaa ka hafane keessatti maan godhaneeran laati? Amma wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Si'iif hin kennama!» jedhe. \p \v 13 Asteer deebittee, «Mootii kiyya, yoo si gammachiitte, Yihudooti qachaa Susaan keessa jiranu, waan adha godhane, borulle akka godhanu eeyyamamuufii! Reeffi ilmaan Haamaanii kudhanille muka nama itti fannisanu irratti fannifamuu ti» jettee gaafatte. \p \v 14 Maarre mootichi kun akka godhamu ajaje; lassiin qachaa Suusaa keessatti laffantee, reeffi ilmaan Haamaanii kudhanii muka nama itti fannisanu irratti fannifame. \v 15 Yihudooti qachaa Suusaa keessa le'anu, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, wolitti qabamanee, qachaa Suusaa keessatti namoota dhibba sadii ijjeesane; karra isaanii ammoo hin saanne. \p \v 16 Yihudooti dhibiin worri kutaa biyyaa keessa le'anulle, diinota ifii ifi irraa dhooggatiisaaf, diinota ifii jalalle'ee bayiisaaf wolitti qabamane. Worra isaan jibbu keessaa namoota kuma torbaatamii shan ijjeesane; Karra isaanii ammoo hin saanne. \v 17 Kun ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii sadeesso'ootitti te'e; guyyaa kudhanii arfeesso'oo foorfatanee, guyyaa jilaatii fi gammadaa godhatane. \p \v 18 Yihudooti qachaa Suusaa keessa le'anu ammoo, guyyaa kudhanii sadeesso'ootii fi kudhanii arfeesso'oo wolitti qabamane; achiin duuba guyyaa kudhanii shaneesso'oo foorfatanee guyyaa jilaatii fi gammadaa godhatane. \v 19 Sababa kanaaf Yihudooti ollaa baadiyya'aa keessa le'anu, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'oo, guyyaa jilaatii fi gammadaa, guyyaa itti kennansa woliif kennanu godhatan. \s1 Jila Furiimii \p \v 20 Mordekaayi waan te'e kana barreessee, Yihudoota kutaa biyyaa ka dhiko'oo fi fagoo jiranu maraaf erge. \v 21 Inni wogguma wogga'aan ji'a, «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'ootii fi kudhanii shaneesso'oo guyyaa jilaa akka godhatanu isaanitti hime. \v 22 Guyyooti kun guyyoota Yihudooti harka diinota ifii jalaa bayanee foora itti dhaggatane; ji'i kunille ji'a gaddi isaanii gammadatti, bootti isaanii kollatti jijjiirante waan te'eef jilifatane; guyyoota kana guyyoota jilaa, guyyoota gammadaa, guyyoota kennaa sagale'ee woliif kennanuu fi guyyoota hiyyeeyyii qarqaaranu akka godhatanu isaaniif barreesse. \v 23 Maarre akkuma Mordekaayi isaaniif barreessetti Yihudooti jila jilifatuu jalqabane san jilifatiisaaf wolii galane. \p \v 24 Diinni Yihudoota maraa, sanyiin Haagaagii, ilmi Hamendaata'aa Haamaan hixaa, «Furiim» jedhamu buufatiisaan Yihudoota mara balleessiisaaf mala dhoweeraayyu. \v 25 Mootichi mala hamaa kana yennaa beeke, malli Haamaan Yihudoota irratti male sun isuma irratti akka deebi'u, innii fi ilmaan isaa muka nama itti fannisanu irratti akka fannifamanu ajaja barreeffamaa baase. \v 26 Tanaaf guyyoota kana jecha, «Fur» jedhamu irraa, «Furiim» jedhanee baasane; sababa waan xalayaa kana irratti barreeffame maraatiif, sababa waan dhagganeetii fi waan isaan irra dhaqqabe maraatiif, \v 27 Yihudooti ifii fi sanyii ifiitiif, worra Yihudi'itti galane maraafille, akka barreeffama kanaatitti guyyoota lamaan kana wogguma wogga'aan yennaa isaa eeganee akka jilifatanuuf seera baafatane. \v 28 Guyyooti «Furiim» jedhamanu kun dhaloota mara keessatti, maatii mara keessatti, kutaa biyyaa mara keessatti, qachoota mara keessatti qaabatamu'uu fi jilifamuu qaban; guyyooti kun adoo hin qaabatamin hin hafanu; dhaloota mara oddu'utti yennaa mara jilifamuu qaban. \p \v 29 Maarre Asteeriin giittittiin, intalti Abiihaayilii, Mordekaayii Yihudicha woliin xalayaa lammeesso'oo, ka marroo Furiimii kana jabeessiisaaf baallii guutu'uun barreessane. \v 30 Mordekaayi Yihudoota kutaa biyyaa dhibbaa fi diddamii torba keessa jiranu maraaf, xalayaa nageyaa fi qabbana isaaniif halchu ergee, \v 31 «Akkuma guyyooti laamaatii fi gaddaa eegatamane, nuuti Yihudootii fi sanyiin teenna guyyoota Furiimii akka eegannee jilifannu hundeessiisaaf, tana barreesse. Waan kana irratti ani Mordekaayiin Yihudichii fi Asteeriin giittittiin wolii galleerra» jedhe. \v 32 Ajaji Asteerii seerata marroo guyyoota Furiimiitiif baye jabeesse; kunille galmee keessatti barreeffame. \c 10 \s1 Mordekaayi Ulfinna Guddaa Dhaggate \p \v 1 Mootichi Ahashiweros lafa mootummaan isaa geette maraa fi oddoolota mootummaa isaa jala jiranu mara irratti gibira buuse. \v 2 Wonni guddoon inni hunnaa fi jabeenna ifiitiin huje martinuu, mootichi attamiin akka Mordekaayi nama beekkamaa godhelle, kitaaba dabarsii mootota Medooniitii fi Faaresii keessatti barreeffanteerti. \v 3 Mordekaayiin Yihudichi itti aanaa mooticha Ahashiwerosii ti; Yihudoota odduulle'etti nama ulfaata'aa fi nama jaalatama'a. Inni kolbaa ifiitiif waan dansaa waan hujee fi nageya sanyii isaanii maraaf waan dubbateef, Yihudoota hedduu oddu'utti nama ulfinna guddaa qabu.