\id EPH - Guji Bible \ide UTF-8 \h Worra Efesoonii \toc1 Ergaa Phawuloos Gara Worra Efesoonii Erge \toc2 Worra Efesoonii \toc3 Efe. \mt2 Ergaa Phawuloos \mt1 Gara Worra Efesoonii Erge \imt Seensa \ip Ergaan Phawuloos worra Efesooniitiif barreesse waan maraan dura ka itti xiyyeeffattu, «Karoorri Waaqaa dadi ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu maraayyuu addee takka'atti baallii Kiristoosii tokkochaa jala akka teetu godhiisa» yaada jedhu (1:10). Itti dabaliisaan karaa Yesuus Kiristoosiitiin, sanyiin namaa mara tokko akka teetu, karoora Waaqaa guddaa kana hujii irra akka oolchanu, kolbaa Waaqaa ta yaadachiittu. \ip Ergaan gara worra Efesoonii kutaa jalqabaa keessatti, barreessaan marroo tokkummaa mata duree jalqabe badhisiisaan Waaqi Abbaan kolbaa ifii attam akka filate, Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin cubbuu isaaniitiif araara dhaggatanee, attam akka bilisa te'anee fi, dubbiin Waaqaa ta addii guddo'oo, karaa Ayyaana Woyyichaatiin attamiin akka mirkanootte dubbatti; kutaa lammeesso'oo keessatti, barreessaan worri ergaa tana dubbifatu jireenna woliin qabanu keessatti, Kiristoosiin te'anee tokkummaan isaan qabanu dhugaamettii akka teetu, attam le'iisa akka isaan barbaachisu, isaan yaadachiisa. \ip Namooti tokkummaa karaa Kiristoosiitiin qabanuun attam godhanee tokkumma'aan le'iisa akka dande'anu, haala dubbii adda addaatiin mudhifameera; wolde'i kiristaanaa akka nafaa yennaa te'u, Kiristoos akka mataa nafaa ti; wolde'i kiristaanaa akka ijaarsa dhaka'aan ijaaramu yennaa te'u, Kiristoos akka dhakaa roga qaccee ijaarsaa ti; wolde'i kiristaanaa akka niiti'ii yennaa te'u, Kiristoos akka dhirsaa ti; barreessaan ergaa tanaa, marroo badhaadha Waaqaa ka karaa Kiristoosiitiin mudhatee, guddisee maadeffataa yennaa dubbatu, gad fageessee issiisaan dhikeessa; waan maraayyuu karaa jaalala Kiristoosiitiin, karaa woreegamaatiin, karaa araaraatiin, karaa badhaadhaa fi qulqullinnaatiin ilaala. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Itti seensa\ior 1:1-2\ior* \io1 Kiristoosii fi wolde'a kiristaanaa\ior 1:3—3:21\ior* \io1 Kiristoosiin jiruu haareya\ior 4:1—6:20\ior* \io1 Yaada buufataa\ior 6:21-24\ior* \c 1 \p \v 1 Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuusii te'e irraa: \p Worra Kiristoos Yesuusiif addatantane, kolbaa Waaqaa ta Efesoon keessa jirtanuuf,\x - \xo 1:1 \xo*\xt HuE. 18:19-21\xt*\x* \p \v 2 Waaqi abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu. \s1 Eebba Ayyaantumma'aa Ka Kiristoosiin Dhaggamu \p \v 3 Waaqi Abbaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ka Kiristoosiin eebba Ayyaana ol-gubba'aa maraan nu eebbise, galatoomuu ti! \v 4 Inni dadama biyya lafaatiin duraayyuu, isa duratti woyyootaa fi worra komii hin qanne akka teenu, Kiristoosiin nu filateera. \p Jaalala ifiitiin, \v 5 karaa Yesuus Kiristoosiitiin ijoollee ifii akka nu godhatuuf Waaqi akka fedhaa fi halchaa ifii dansa'aatitti duruu murteesseera. \v 6 Badhaadhi isaa ulfaataan, ka inni Ilma ifii jaalatama'aan tola nuuf kenne, akka galateeffamuuf tana godhe. \v 7 Akkuma durummaa badhaadha Waaqaatitti, dhiiga Kiristoosiitiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhaggane.\x - \xo 1:7 \xo*\xt Qol. 1:14\xt*\x* \v 8 Badhaadha ifiille qaroomaa fi beekkumsa maraan nuuf dhangalaase. \v 9 Waaqi akkuma duraan karaa Kiristoosiitiin karoorfate, dhossaa fedha ifii akka halchaa ifii dansa'aatitti akka nuuti beennu godhe. \v 10 Karoorri Waaqi yennaa barri geye muummessu, dadi ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu mara, wolitti qabantee baallii Kiristoosii jala akka teetu godhiisa. \p \v 11 Waaqi waan mara akka fedhaa fi gorsa ifiititti hujatu, jalqaba irrattuu akkuma murteessetti, Kiristoosiin kolbaa isaa akka teenuuf nu filate. \v 12 Wonni inni tana godheef, nuuti worri Kiristoositti addii godhatiisaan worra duraa teene, akka ulfinna Waaqaatiif galata galchinu\f + \fr 1:12\fr*\fqa Akka ulfinna Waaqaatiif galata galchinu: \fqa*\ft Yookiin galata ulfinna Waaqaatiif akka leenu\ft*\f*. \p \v 13 Isinille ergaa dhuga'aa, Oduu Gammadaa ta fayyinna keessanii yennaa dhageettane Kiristoositti dhugeeffattanee, Chaappaa Ayyaana Woyyicha waadaa galame te'een mallatteeffantaneertan. \v 14 Ayyaanni waan Waaqi kolbaa ifiitiif waadaa gale fudhatiisa keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Waaqaatiif galata galchinuu ti. \s1 Daadimata Phawuloosii \p \v 15 Waan kanaaf, ani haga Goottaa Yesuusitti dhugeeffatiisa keessanii fi kolbaa Waaqaa mara jaalatiisa keessan dhage'ee jalqabee, \v 16 daadimata kiyya keessatti isin qaabataa, marroo teessaniif Waaqa galateeffatiisa hin lakkinne. \v 17 Abbaa ulfinnaa, Waaqa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, akka isin isa beettanu, Ayyaana qaroo isin godhuu fi ka Waaqa isinitti mudhisu, akka isinii kennuuf daadimadha. \v 18 Addiin inni itti isin waame maan akka teete, eebbi baasaa ka inni kolbaa ifiitiif addii kennu durummaa attamii akka te'e, qalbiin teessan banantee ifa isaa akka dhaggitanu, \v 19 nu worra dhugeeffatulle'eef, hunna isaa ta waan duudi'iin ol teete, attam guddoo akka teete, akka beettanu daadimadha. Hunni tun jabeenna guddaa tama akka, \v 20 yennaa inni Kiristoos du'a keessaa kaasee, ol-gubba'atti midda ifiititti isa teessise ittiin hujee ti. \v 21 Waaqi Abbaan bulchitootaa, worra baallii qabu, hunnootaa fi goottota maraa ol, akkasuma biyya lafaa tana qofatti adoo hin te'in, ta dhuttulle'etti, maqaa ulfinnaa ka maqaa maraa olii kenniisaan Kiristoos midda ifiititti teessise. \v 22 Waaqi waan mara baallii Kiristoosii jala galchee, waan mara irratti mataa godhee wolde'a kiristaanaatiif isa kenne. \v 23 Wolde'i kiristaanaa nafaa fi guutummaa Kiristoosii waan mara karaa maraan guutuu ti.\x - \xo 1:23 \xo*\xt Qol. 1:18\xt*\x* \c 2 \s1 Du'a Keessaa Gara Jiru'uu Dabaruu \p \v 1 Isin sababa yakka'aa fi cubbuu teessaniitiif duutaneertaniiyyu. \v 2 Yennaa san isin karaa hamaa biyya lafaa gula deentane; ayyaana amma kolbaa Waaqaaf hin ajajanne toowatu, bulchaa hunnoota ayyaanota qilleensa keessaatiif ajajantane. \v 3 Dhugumaan marti keennaayyuu akkuma isaanii halchaa foon keennaatii fi qalbii teennaa waan guutu mara hujataa, akkuma halchaa teennaatitti jiraanne. Nuuti akka dadama keennaatitti, akkuma namoota kaanii, mufii Waaqaa jala jirraayyu. \v 4 Waaqi mararti'iin dureessaa ammoo, jaalala guddaa nu jaalate irraa ka ka'e, \v 5 yakkaa teennaan yennaa nuuti duuneerruuyyuu, inni Kiristoosiin gara jiru'uu nu fide. Isin badhaadha Waaqaatiin fayyitaneertan. \v 6 Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin isa woliin du'a keessaa nu kaasee, isuma woliin addee ol-gubba'aa keessa nu teessise. \v 7 Durummaa badhaadha ifii ta hagana hin jedhanne, ta arjummaa ifiitiin karaa Kiristoos Yesuusiitiin nutti mudhise, baroota dhufulle mudhisiisaaf inni tana godhe. \v 8 Isin badhaadha Waaqaatiin karaa dhugeeffanna'aatiin fayyitane malee, hujii teessaniinii moti; isiin tun kennaa Waaqaa ti. \v 9 Akka nami tokkolle ittiin ifi hin jajne, huji'iinii moti. \v 10 Nuuti hujii harka isaa waan teeneef, hujii inni duraan dursee qopheesse akka hunyuuf, Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin hujii dansa'aaf nu dade. \s1 Karaa Kiristoosiitiin Tokko Te'uu \p \v 11 Isin worri dhalootaan worra Yihudootaa hin te'in, Yihudoota harka namaatiin haqanqabaa qabattee, «Haqanqabaa qabanneerra» ifiin jettuun, «Worra haqanqabaa hin qabatin» jedhantanee waamamaa akka turtane qaabadha'a. \v 12 Isin yennaa san Kiristoos irraa gargar baatanee, kolbaa Israa'eliitiif alagaa teetanee, gondooroo addii Waaqi kenneetiif orma teetanee, biyya lafaa tana keessatti addi'ii fi Waaqa malee akka leetane qaabadha'a. \v 13 Amma ammoo, isin worri dur fagaattanee turtane, Kiristoos Yesuus woliin tokkummaa qabaachu'uun, dhiiga Kiristoosiitiin dhikaattaneertan. \v 14 Kiristoos nageya keenna; dalleya diinumma'aa ka isaan gargar nu baaseeru dhiiga ifiitiin diigee, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'in kolbaa tokko godheera. \v 15 Karaa kanaan nageya fidiisaaf, gosa lamaanuu irraa ka te'e nama haareya isa woliin wolii galu tokko dadiisaaf, Seera Yihudootaa ajajootaa fi aadaa seerotaa woliin diige. \v 16 Fannoo irratti du'iisaan Kiristoos diinummaa isaanii balleesse; inni fanno'oon worra lamaanuu nafa tokko godhee Waaqaan wolitti araarse. \v 17 Maarre Kiristoos dhufee worra Waaqa irraa fagaate, isin worra Yihudoota hin te'iniif, worra gara Waaqaa dhikaate, isin worra Yihudootaatiifille, Oduu Gammadaa ta nageyaa maraafuu lallabe. \v 18 Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in, nuuti martinuu karaa Kiristoosiitiin Ayyaana tokkoon Abbaa bira geyiisa hin dandeenna. \p \v 19 Tanaaf, isin worri Yihudoota hin te'in haganaa achi orma yookiin alaga'aa moti; isin amma miseensota maatii Waaqaatii fi kolbaa Waaqaatiin woliin nama biyya tokkoo ti. \v 20 Isinille hundee ergantootii fi raagoti hundeessan irratti ijaarantaneertan; dhakaan roga qaccee ijaarsaalle Kiristoos Yesuus. \v 21 Kiristoos Yesuusiin ijaarsi duudiin wolitti qabamee, Galma Waaqaa woyyicha te'iisaaf Gootta'aan guddata. \v 22 Isinille isumaan worra dhibii woliin addee Waaqi Ayyaana ifiitiin jiraatu te'iisaan ijaaramiisatti jirtan. \c 3 \s1 Phawuloos Worra Yihudoota Hin Te'iniif Lallabe \p \v 1 Sababa kanaaf, ani Phawuloos, isin worra Yihudoota hin te'iniif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuusii te'eera. \v 2 Bu'aa teessaniif hujiisaaf akka Waaqi badhaadha ifiitiin hujii tana naaf kenneeru isin dhugumaan dhageettaneertan. \v 3 Akkuma ani armaan gubba'atti gabaassee isinii barreesse, Waaqi yaada ifii ka dhossa'aa mudhisee akka ani beeku godheera. \v 4 Isin waan ani barreesseeru yoo dubbittane, hubantii tiyya ta marroo dhossaa Kiristoosii beekuu dandeettan. \v 5 Dhossaan tun tanaan dura ilmaan namaatitti hin mudhifanne, Waaqi ammoo Ayyaanaan ergantoota woyyootaa fi raagota woyyoota ifiititti amma mudhiseera. \v 6 Dhossaan tun, worri Yihudoota hin te'in karaa Wongeelaatiin Yihudoota woliin worra dhaaluu fi miseensa nafa tokkoo te'anee, waadaa Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin gale keessalle'etti qoodamiisa.\x - \xo 3:6 \xo*\xt Qol. 1:26-27\xt*\x* \p \v 7 Ani karaa kennansa badhaadha Waaqaa, ka hujii hunna isaatiin naaf kennameetiin tajaajilaa Wongeela kanaa te'eera. \v 8 Ani kolbaa Waaqaa mara caalaa diqqaadha; te'uu malee, Oduu Gammadaa ta marroo durummaa Kiristoosii muummee hin qannee worra Yihudoota hin te'iniif akka lallabuuf Waaqi badhaadha kana naaf kenne. \v 9 Akkasuma karoorri dhossaa baroota dabarane keessatti Waaqa waan mara dadeen dhoffantee turtee, maan akka te'e, akka mudhisuuf badhaadhi naa kenname. \v 10 Wonni tun teeteef, bara ammaa, karaa wolde'a kiristaanaatiin, bulchitootii fi hunnooti ol-gubba'aa qarooma Waaqaa bifa adda addaa maraan akka beekanu. \v 11 Waaqi akkuma karoora isaa ka bara baraatitti, karaa Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiitiin tana muummesse. \v 12 Nuuti Kiristoosiin waan jirruu fi isatti waan dhugeeffanneerruuf, sodaa malee gara Waaqaa dhikaatiisaaf ifi addii qanna. \v 13 Sababa ani isiniif rakkatiisatti jiruuf, akka addii hin kutanne isin kadhadha; wonni martinuu ulfinna keessaniif teete. \s1 Jaalala Kiristoosii \p \v 14 Waan kanaaf ani Abbaa duratti jilbiiffadha. \v 15 Maatiin ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu marti maqaa dhuga'aa Waaqa biraa fudhatti. \v 16 Durummaa ulfinna isaatiin keessi keessan karaa Ayyaana isaatiin akka jajjabaatu hunna akka isiniif kennu daadimadha. \v 17 Karaa dhugeeffanna'aatiin Kiristoos gadhaa keessan keessa akka qubatu ani hin daadimadha. Ani akka isin jaalalaan hiddaa fi hundee qabaattanu daadimadha. \v 18 Jaalalli Kiristoosii hagam akka badhatuu fi dheeratu, hagam akka ol fagaatuu fi gad fagaatu, akka isin kolbaa Waaqaa mara woliin hunna hubanti'ii qabaattanu, \v 19 akkasuma jaalala Kiristoosii ka beekkumsa bira dabare te'e san beettanee, guutummaa Waaqaa maraan akka guutantanu daadimadha. \p \v 20 Hunna amma nu keessa hujiisatti jirtuun waan nuuti gaafatiisa, yookiin yaadatiisa dandeennu mara irra akka malee caalchisee hujiisa ka dande'uuf, \v 21 Karaa wolde'a kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin bara baraan ulfinni Waaqaaf te'u! Ameen. \c 4 \s1 Tokkummaa Nafa Kiristoosiitiin Jiru \p \v 1 Ani sababa Goottaa tajaajiluuf hidhamaa ka te'e, waamicha itti waamantane saniif akka maletti akka leetanu isin gorsa. \v 2 Yennaa mara worra ifi gadi qabu, worra qajeela'aa fi ossaameyyii te'a'a. Jaalalalle'een wol dande'a'a. \v 3 Nageya wolitti isin qabu ka Ayyaanni Woyyichi kennu eegatiisaaf waan dandeettanu mara godha'a. \v 4 Akkuma addiin Waaqi itti isin waame takkaa teete, nafa tokkoo fi Ayyaana tokkotti jira. \v 5 Akkasuma Goottaan tokko, dhugeeffannaan tokko, cuupham tokko jira; \v 6 ammalle ka mara caalu, ka mara keessalle huju, ka mara keessa jiraatu, Abbaa kolbaa maraa ka te'e, Waaqa tokkochatti jira. \p \v 7 Akkuma safara kennansa Kiristoosiititti badhaadhi tokko tokkoo keennaaf kennameera. \v 8 Barreeffam Woyyichi, \q1 «Inni gara gubba'aa yennaa ol baye, \q2 boojuu hedduu booji'ee, \q2 namootaaf kennansa kenne» jedha. \b \m \v 9 Amma, «Ol baye» jechuun maan jechuu isaa ti? Duraan dursee biyya lafaa tana keessa addee gad aantu'utti gad dhufeera jechu'u. \v 10 Maarre ka gad dhufe, waan duudii dhaggama ifiitiin guutiisaaf kama ol-gubbaa maraan ol baye. \v 11 Inni worri gariin ergantoota, gariin raagota, gariin lallaboota Wongeelaa, gariin toowattoota, gariin barsiisota akka te'anuuf kennansa isaaniif kenne. \v 12 Inni nafa Kiristoosii ka te'e wolde'i kiristaanaa akka ijaaramuuf, kolbaa Waaqaa hujii tajaajila kiristaanaatiif qopheessiisaaf tana godhe. \v 13 Maarre marti keenna dhugeeffannaa teennaa fi Ilma Waaqaa beekiisaan tokko hin teena; ayyaanaan bilchaannee, nama geyaa teenee, haga Kiristoosii geenna. \v 14 Nuuti danbali'iin gara duraatii fi duubaa raafamaa, qilleensa barsiisa kolbaa dokonkorsitu'uu, ka maltumma'aan worra dhibii sobee dokonkorsuu fi asii achi afuufuun, haganaa achi ijoollee hin teenu. \v 15 Kanaa mannaa, jaalalaan dhugaa dubbataa, gara Kiristoosii mataa te'ee, karaa maraan guddanna. \v 16 Kiristoosiin nafi duudiin morgeyaan hidhamee wol qabatee, mitikaan nafaa marti wol qaqqabateera. Maarre yennaa mitikaan martinuu akka hujiisaaf maletti huju, nafi duudiin jaalalaan guddatee ifi ijaara. \s1 Jiruu Haareya Kiristoosiin Dhaggantu \p \v 17 Yoona akka worra yaadi isaanii bu'aa hin qannee, akka worra Yihudoota hin te'inii akka hin leene, maqaa Gootta'aatiin jabeessee isin gorsa. \v 18 Qalbiin isaanii dukkanootteerti; sababa beekuu hin barbaannee fi gadhaa jabeenna isaaniitiif jiruu Waaqi kennu irraa gargar bayaneeran. \v 19 Isaan fokkoo dhabanee, amala bada'aa fi battummaa mara hujiisaaf joljolanee ifi dabarsanee kennaneeran. \p \v 20 Marroo Kiristoosii wonni isin barattane akkasii moti. \v 21 Dhugumaan marroo isaa dhageettaneertan; dhugaa Yesuus keessa jirtulle barattaneertan. \v 22 Le'ii dullattii dur le'aa turtane, ta halchaa sobaatiin badde san ifi irraa gata'a. \v 23 Ayyaana qalbii teessaniitiin haareffama'a. \v 24 Jiruu haareya, balchumma'aa fi woyyummaa dhuga'aatiin ifi mudhittu, ta fakkeenna Waaqaatiin dadante san uffadha'a. \p \v 25 Maarre, yoona soba lakkisa'a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti. \v 26 Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin. \v 27 Seexanaafille karaa hin kennina'a. \v 28 Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata'aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti. \v 29 Dubbii bu'aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage'uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin. \v 30 Guyyaa itti wodantanuuf chaappaa\f + \fr 4:30\fr*\fqa Chaappaa: \fqa*\ft Beessisa\ft*\f* ittiin mallatteeffantane, Ayyaana Woyyicha Waaqaa hin gaddisiisina'a. \v 31 Hammeenni hadhawaan, mufiin, aariin, caanci moroma'aa, arrabii fi hammeenni martinuu isin irraa fagaattu. \v 32 Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama'a, woliif arjooma'a, gadhaalle woliif laafa'a.\x - \xo 4:32 \xo*\xt Qol. 3:13\xt*\x* \c 5 \s1 Ifa Keessa Jiraachuu \p \v 1 Isin jaalatantoota ijoollee Waaqaa eega teetanee, fakkeenna isaa gula deema'a. \v 2 Akkuma Kiristoos nu jaalatee, akka kennansa uddowa'aa fi woreega Waaqa gammachiisuu, jiruu ifii akkuma nu'uuf kenne, isinille jaalalaan jiraadha'a. \p \v 3 Isin kolbaa Waaqaa eega teetanee, sagaagaluun yookiin battummaan martinuu yookiin joljolummaan wodhakkaa teessanitti te'uu lakkisiitii, oduunuu dhage'amuu hin qaddu. \v 4 Waaqa galateeffadha'a malee, dubbii gurratti hin tolle, dubbii shufuroo, dubbii fokkisiittu hin dubbatina'a. \v 5 Sagaagaltichi, yookiin battichi, yookiin joljoltichi jechuun ka waaqa dharaa waaqonfatu mootummaa Kiristoosiitii fi Waaqaa keessatti qooda akka hin fudhanne beeka'a. \p \v 6 Eennulle dubbii dharaatiin isin hin sobin; sababa waan kanaatiif mufiin Waaqaa worra isaaf hin ajajanne irratti hin dhutti. \v 7 Tanaaf kolbaa akkasii woliin tokkummaa hin qabaatina'a. \v 8 Isin dur dukkana keessa turtane, kolbaa Gootta'aa eega teetane ammoo, ifa keessa jirtan. Maarre isin akka kolbaa ifaa jiraadha'a. \v 9 Sababille wonni dansaan marti, balchumma'aa fi dhugaan ifa keessaa madditi. \v 10 Waan Goottaa gammachiisu qorqora'aatii bira geya'a. \v 11 Hujii dukkanaa, ta bu'aa hin qanne san, ifatti baasa'a malee, itti hin hirmaatina'a. \v 12 Waan isaan dhossa'atti hujanee dubbatiisinuu hin fokkifachiisa. \v 13 Wonni marti yennaa gara ifaa baate, bifi isi'ii dhugichi ifa te'ee hin mudhata; \v 14 Sababille ifi waan mara mudhisa\f + \fr 5:14\fr*\fqa Ifi waan mara mudhisa: \fqa*\ft Yookiin wonni ifa te'ee mudhatu duudiin ifa\ft*\f*. Tanaaf, \q1 «Ati ka rafiisatti jirtu, dammaqi! \q2 Du'a keessaa ka'i! \q1 Kiristoos si'iif hin issa» jedhame. \p \v 15 Maarre isin attam akka leetanu ifi hubadha'aa ilaalladha'a. Akka qaroole'ee malee, akka gowwoole'ee hin le'ina'a. \v 16 Barri kun hamaa waan te'eef, yennaa dagu'uu maratti fayyadama'a.\x - \xo 5:16 \xo*\xt Qol. 4:5\xt*\x* \v 17 Fedhiin Gootta'aa maan akka teete hubadha'a malee, gowwoolee hin te'ina'a. \p \v 18 Ayyaana Woyyichaan guutama'a malee, daadhii woyni'ii ta isin balleessituun, hin machowina'a. \v 19 Faaru'uu fi faaruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille'een woliin dudubbadha'a; faaru'uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha'a. \v 20 Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba'aaf galata galcha'a. \s1 Abbaa Manaatii Fi Haadha Manaa \p \v 21 Ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii woliif ajajama'a. \p \v 22 Haadhotiin manaa, akkuma Goottaa Yesuusiif ajajamanu abbootii manaatiif ajajamanuu ti.\x - \xo 5:22 \xo*\xt Qol. 3:18; 1 Phex. 3:1\xt*\x* \v 23 Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif mataa te'e, abbaan manaa haadha manaatiif mata'a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde'a kiristaanaatiifille fayyisa'a. \v 24 Wolde'i kiristaanaa Kiristoosiif akkuma ajajamu haadhotiin manaa abbootii manaa isaaniitiif waan maraan ajajamanuu ti. \p \v 25 Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaa jaalatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaaladha'a.\x - \xo 5:25 \xo*\xt Qol. 3:19; 1 Phex. 3:7\xt*\x* \v 26 Inni wolde'a kiristaanaa karaa Jecha ifiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee, Waaqaaf woyyoonsiisaaf tana godhe. \v 27 Maarre akkasiin xurii yookiin shuntuurata fuulaa yookiin wonni hantuun akkasii irratti adoo hin dhaggamin, Woyyicha, ka komii hin qanne, shaggaa godhee, wolde'a kiristaanaa gara ifii dhikeessa. \v 28 Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata. \v 29 Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa. \v 30 Sababille nuuti mitikaa nafa Kiristoosii ti. \p \v 31 Barreeffam Woyyichi, «Sababa kanaaf nami haadhaa fi abbaa lakkisee, haadha manaa ifiititti maxxana; lamaanuu tokko hin te'an» jedha. \v 32 Kun dhossaa guddo'o; ani marroo Kiristoosiitii fi marroo wolde'a kiristaanaa dubbatiisatti jira. \v 33 Te'uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaalattanu haadha manaa teessan jaaladha'a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti. \c 6 \s1 Ijoolle'ee Fi Worra Isaanii \p \v 1 Ijoolle! Waan barbaachisaa te'eef, abbooti'ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama'a. \v 2 «Abba'aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: \v 3 «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha. \p \v 4 Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta'aatiin guddisa'a malee, akka aartu hin godhina'a. \s1 Goottotaa Fi Garboota \p \v 5 Garboota! Isin akkuma Kiristoosiif ajajantanu, gadhaa tokkochaan, soda'aa fi rommiisaan goottota teessan ta biyya lafaatiif ajajama'a. \v 6 Isaan gammachiisuu qofaaf, ila isaanii dura calla'atti adoo hin te'in, akka garbicha Kiristoosiititti, gadhaa tokkoon fedhii Waaqaa muummessa'a. \v 7 Akkasuma nama adoo hin te'in, akka Goottaa tajaajiltanutti, gammadaan tajaajila'a. \v 8 Garbichalle te'ee yookiin ka garbicha hin te'in, hujii dansaa hujeef, Goottaa biraa gatii akka fudhatu hin beettan. \v 9 Isinille goottole'e! Goottaan keessanii fi garboota teessanii ka nama wol hin caalchinne, akka ol-gubbaa jiru waan beettanuuf, sossodaachisiisa lakkisa'aatii, garboota teessaniif dansaa godha'a. \s1 Meya Woraanaa Ka Waaqaa \p \v 10 Yoona, Gootta'aa fi hunna isaa jaddu'uun jabaadha'a. \v 11 Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha'a. \p \v 12 Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te'in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te'ane, irree ayyaana hamaalessa ol-gubba'aatiin mormiisa. \v 13 Maarre guyyaa hamaa san, hunna diinaa adhatiisa akka dandeettanuuf, waan mara muummessitanee\f + \fr 6:13\fr*\fqa Waan mara muummessitanee: \fqa*\ft Haga muumme'ee loltanee\ft*\f*, jabaattanee dhaabbatiisa akka dandeettanu, meya Waaqaa ka woraanaa mara hidhadha'a. \p \v 14 Tanaaf, dhugaa akka hiitu'uu hidha keessanitti hidhadha'aatii, balchummaa akka qomoo sibiilaa keyadha'aa dhaabbadha'a. \v 15 Wongeela nageyaalle akka Kophe'ee miilatti keyadha'aatii qophowa'aa dhaabbadha'a. \v 16 Kana mara woliin, daayota hamaalessaa ka bobe'u mara, dhugeeffannaa ittiin dhaanfuu dandeettanu, akka wonte'ee qabadha'a. \v 17 Fayyinna akka gullee sibiilaa keyadha'a; Jecha Waaqaa ka Ayyaanni Woyyichi isinii kennulle akka shallaaga'aa qabadha'a. \v 18 Yennaa daadimattanuu fi gaafattanu mara Ayyaana Woyyichaan sooreffamaa daadimadha'a. Akkasiin kolbaa Waaqaa maraaf dammaqa'aatii jabaadha'aa daadimadha'a. \v 19 Dhossaa Wongeelaa sodaa malee beessisiisaaf, yennaa ani dubbatiisaaf qophowe, Waaqi akka jecha naaf kennu analle'eef daadimadha'a. \v 20 Ani amma wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiraadhulle, ergamaa Wongeela kanaa ti. Tanaaf akka dubbatu'uuf maletti, marroo Wongeelaa sodaa malee akka ani dubbadhu daadimadha'a. \s1 Muummee Irratti Nageya Dhaame \p \v 21 Obboleessi keenna Xikiqoosiin jaalatama'aa fi tajaajila hujii Gootta'aatiin addatamaan, waan ani hujiisatti jiruu fi attam akka ani jiru akka beettanu, waan mara isinitti hin hima.\x - \xo 6:21-22 \xo*\xt HuE. 20:4; 2 Xim. 4:12\xt*\x* \v 22 Nuuti martinuu attam akka jirru akka beettanuu fi akka isin jajjabeessuuf, isa gara keessan erga. \p \v 23 Waaqa Abbbaa biraa, Goottaa Yesuus Kiristoos biralle'ee, nageennii fi jaalalli dhugeeffannaa woliin kiristaanota\f + \fr 6:23\fr*\fqa Kiristaanota: \fqa*\ft Obboleeyyan\ft*\f* maraaf te'uu ti. \v 24 Badhaadhi Waaqaa worra Goottaa keenna Yesuus Kiristoos jaalala hin banneen jaalatu maraaf te'uu ti.