\id ECC - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Lallabaa \toc1 Kitaaba Lallabaa \toc2 Kitaaba Lallabaa \toc3 Lal. \mt1 Kitaaba Lallabaa \imt Seensa \ip Kitaab Lallabaa, yaada nama gaaffi'ii fi qorataan yaada haareya fidu, ka jiruun namaa attam gabaadu'uu fi bu'aa bayi'iin ta guutante teetee, muraa haqa hin te'iniin ta wol xaxxee fi dadhabbi'iin ta guutante akka teete gad fageennaan hubatee, «Jiruun namaa bu'aa hin qaddu» jedhee muummesse tokko qaba. Nami gaaffi'ii fi qorataan yaada haareya fidu kun, hujii Waaqaa ta hiree namaa toowattu qalbeeffatuu dadhabeera. Te'uu malee kolbaan bara le'ii ifii haga dandeette jabaattee akka hujjuu fi kennansa Waaqaatitti akka gammaddu gorsa kenna. \ip Yaad namicha gaaffi'ii fi qorataan yaada haareya fidu kanaa hedduun woliif masaanummaa qaban; addii kutatiisalle'een guutamaneeran. Te'uu malee kitaab kun Kitaaba Woyyicha keessatti dhaggamiisi isaa, dhugeeffannaan Kitaaba Woyyicha irratti hundootte, ta dhibii lakkisiitii kitaaba yaada masaanumma'aa fi mamaan guutame qabu kana haga qabattutti badhoo akka teete mudhisa. Kitaab kun jiruu namaa akka daaw'iti'ii waan mudhisuuf, namooti hedduun ittiin jajjabaataneeran. Kitaabummaan Woyyichi tokkochi kun Waaqa jiru'uuf hiikkaa guddoo kennutti addii godhatiisa akka dande'anu ka gorsu akka te'e hubataneeran. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Hiikkaa Jiru'uu\ior 1:1—2:26\ior* \io1 Jedhii Marroo Jiru'uu\ior 3:1—11:8\ior* \io1 Gorsa Muumme'ee\ior 11:9—12:8\ior* \io1 Dubbii Gugurdoo\ior 12:9-14\ior* \c 1 \s1 Wonni Martinuu Bu'aa Hin Qaddu \p \v 1 Jechi lallabaa ilma Daawitii, ka Yerusaalem keessatti mootii te'ee, kanatti aanee jira. \p \v 2 Lallabaan kun, «Wonni martinuu bu'aa hin qaddu! Bu'aa hin qaddu! Ijjumaa bu'aa hin qaddu!» jedha. \v 3 Nami biyya lafaa irratti waan itti elowu maraaf, bu'aa maan dhaggata? \v 4 Dhalooti tokko hin dabara; dhalooti hin dhufa. Latti ammoo haga bara baraa hin jiraatti. \v 5 Aduun hin baati, hin seentille'e; gara addee baateetitti deebi'iisaaf hin ariifatti. \v 6 Qilleensi gara kibbaa dhowa; gara kaabaalle hin deebi'a. Maree, maree gara dhufetti hin deebi'a. \v 7 Lagi martinuu gara abbaaya'aa yaa'an; te'uu malee abbaayaan ijjumaa hin guuttu. Lagooti sun gara addee dhufanee, ammalle achitti hin deebi'an. \v 8 Wonni marti haga nami dubbatuu dadhabutti nama hifachiitti. Ilti ilaaltee hin quuttu; gurrille dhage'iisaan hin guutamu. \v 9 Woma dur te'eerutti ammalle te'uuf jira; woma dur hujameerutti ammalle hujamu'uuf jira. Biyya lafaa irra wonni haaretti hin jirtu. \v 10 Wonni nami, «Ilaa! Wonni kun waan haareya» jedhuu dande'u jirtii? Wonni sun bara dheera'aan dura, duruuyyuu asuma jirti; isiin adoo nuuti hin dhalatiniin dura asuma jirti. \v 11 Waan bara durii te'e nami qaabatu hin jiru; worri itti aanee dhufulle waan amma te'uu fi waan te'uuf jiru hin qaabatu. \s1 Qarummaan Bu'aa hin Qaddu \p \v 12 Ani, lallabaan Yerusaalemitti mootii Israa'elii te'eeraayyu. \v 13 Ani waan lafa irratti hujame mara qarumma'aan qorqoriisaaf itti yaade; ilmaan namootaa irratti Waaqi ba'aa attam attam ulfaattu fe'e! \v 14 Ani waan biyyaa lafaa irratti hujame mara ilaaleera; isaan martinuu bu'aa hin qabanu; akka nama qilleensa ari'ee ti. \v 15 Wonni micciiramaan qajeeluu hin dande'u; wonni hin jirrelle laakkowamuu hin dande'u. \p \v 16 Ani, «Kunoo, ani worra anaan dura Yerusaalemitti mootii te'e mara caalaa, nama guddaa te'eera; qarummaalle ede'adheera» jedhee yaade. \v 17 Achiin duuba ani qarummaa, maraattummaa, gowwummaalle gargar baasee beekiisaaf itti yaade; kunille ammoo akka nama qilleensa ari'ee akka te'e hubadhe. \v 18 Qarummaan akkuma bacattuun gaddi bacataa deema; beekkumsi akkuma bacatuun laaleffatisille bacataa deema. \c 2 \s1 Gammadi Bu'aa Hin Qabu \p \v 1 Ani gadhaa kiyya keessatti, «Dhaqee ifi gammachiisa; hiikkaa gammadaa qorqoree beeka» jedhee yaadadhe; sunille ammoo waan bu'aa hin qanne. \v 2 Ani, «Kolli gowwumma'a; gammadi maan namaa godha?» jedhe. \v 3 Qalbiin tiyya adoo qarumma'aan yaadattuu, ani daadhii woyni'iitiin ifi gammachiisiisaaf, gowwummaa hanqafatiisaaf wodhaane. Namooti bara diqqaa lafa irra le'anu yoo hujane waan bu'aa isaaniif buusu, ani dhagguu barbaade. \p \v 4 Ani hujii gugurdoo huje; mana hedduu ijaarradhe; muka woyni'iille dhaabbadhe. \v 5 Ani oorruu heddu'uu fi addee bashannanaa hedduu qopheeffadhe; isaan keessatti gosa muka midhaan buusu mara dhaabbadhe. \v 6 Mukoota guddatu san obaasiisaaf waan bisaan itti kuufamu hujadhe. \v 7 Ani garboota dhiiraatii fi dubarti'ii bitadhe; garboota dhibii ka mana kiyya keessatti dhalatanelle qabaayyu. Worra anaan dura Yerusaalem keessaa jiru caalaa loon bacaa, re'e'ee fi hoolee karra hedduu horadhe. \v 8 Ani meetii, worqii, karra moototaatii fi karra kutaa biyyaa wolitti qabadheera. Faarfattoota dhiiraatii fi dubarti'ii akkasuma gursumeeyyii ilmaan namootaa itti gammaddu bacaa qabaayyu. \p \v 9 Worra anaan dura Yerusaalem keessa jiru caalaa guddaa te'eera. Waan kana mara keessatti qarummaan anuma woliin jirtiiyyu. \v 10 Waan ilti tiyyaa fi gadhaa kiyya halche mara dhaggadhe. Gadhaan kiyya Hujii tiyya maratti gammade; tun gatii eloo tiyya maraa ti. \v 11 Te'uu malee waan harki kiyya hujee fi waan itti elowe maraayyuu yennaa ilaalu, bu'aa hin qaddu; akka nama qilleensa ari'ee ti; biyya lafaa irra wonni bu'aa qaddu hin jirtu. \v 12 Maarre ani yaada kiyya gara qarummaa, maraattumma'aa fi gowwummaa qorqoriisaatitti deebifadhe. Nami mootii tokkoon duuba mootii te'uuf jiru, ka dur hujame caalaa maan hujuu dande'a ree? \v 13 Akkuma ifi dukkana caalu, qarummaan akka gowwummaa caaltu dhagge. \v 14 Nami qaroon waan isa dura jiru beeka; nami gowwaan ammoo dukkana keessa ideema; wonni isaan lamaanittuu dhufu ammoo tokkuma akka te'e hubadheera. \v 15 Achiin duuba ani gadhaa kiyya keessatti, «Eega wonni nama gowwa'atti dhufu natti dhufu te'ee, maaniif qaroo te'e ree?» jedhee yaadadhe; gadhaa kiyya keessatti, «Tunille bu'aa hin qaddu» jedhe. \v 16 Nami qaroon, akkuma nama gowwa'aa haga bara baraa hin qaabatamu; baroota dhufanu keessatti isaan lamaanuu hin dedhaman. Akkuma nama gowwa'aa, nami qaroolle hin du'a. \v 17 Wonni biyya lafaa irratti hujamu waan na gaddisiiseef, ani jiruu jibbe; wonni martinuu bu'aa hin qaddu; qilleensa ari'iisa. \p \v 18 Nama na duubaan dhufuuf waan lakkisuuf, ani waan biyya lafaa irratti itti elowu mara jibbe. \v 19 Nami na duubaan dhufu sun qaroo yookiin gowwaa te'uu isaa eentu beeka? Te'uu malee inni waan ani biyyaa lafaa irratti itti elowee qarumma'aan huje san irratti abbummaa hin qabaata. Tunille bu'aa hin qaddu. \v 20 Maarre ani waan biyya lafaa irratti itti elowe maraaf deebi'ee addii kutatiisa jalqabe. \v 21 Sababille nami tokko hujii ifii qarumma'aan, beekkumsaa fi dandeetti'iin waan huje, achiin duuba waan qabu mara nama itti hin elowin tokkoof lakkisa. Tunille waan bu'aa hin qanne, miidhama gudda'a. \v 22 Nami biyya lafaa irratti waan itti elowuu fi itti mixiixxatu mara keessaa bu'aa maan dhaggata? \v 23 Barri jiruu isaa marti farraa fi gaddaan guutameera; halkanille'een qalbiin isaa hin foorfattu. Tunille bu'aa hin qaddu. \p \v 24 Nami nyaatee, unee, waan hujatetti gammadiisa caalaa wonni dansaan inni hujuu dande'u hin jirtu. Tunille Waaqa biraa akka dhuttu dhagge; \v 25 Waaqaan malee, eentu nyaatuu yookiin gammaduu dande'a ree? \v 26 Waaqi nama isa gammachiisuuf qarummaa, beekkumsaa fi gammada kenna; nama cubbicha ammoo karra wolitti qabee tuulee, nama Waaqa gammachiisuuf dabarsee akka kennu godha. Tunille bu'aa hin qaddu; qilleensa ari'iisa. \c 3 \s1 Waan Maraaf Yennaan Jirti \p \v 1 Waan maraaf yennaan jirti; \q2 waan biyya lafa irraa maraaf yennaan jirti. \q1 \v 2 Dhalatiisaaf yennaan jirti; \q2 du'iisaafille yennaan jirti; \q1 Dhaabiisaaf yennaan jirti; \q2 buqqisiisaafille yennaan jirti. \q1 \v 3 Ijjeesiisaaf yennaan jirti; \q2 fayyisiisaafille yennaan jirti. \q1 Diigiisaaf yennaan jirti; \q2 ijaariisaafille yennaan jirti. \q1 \v 4 Bowiisaaf yennaan jirti; \q2 kolliisaafille yennaan jirti. \q1 Gaddisaaf yennaan jirti; \q2 sirbiisaafille yennaan jirti. \q1 \v 5 Dhakaa bittinneessiisaaf yennaan jirti; \q2 dhakaa wolitti qabiisaafille yennaan jirti. \q1 Hanqafatiisaaf yennaan jirti; \q2 hanqafatiisa lakkisiisaafille yennaan jirti. \q1 \v 6 Barbaadiisaaf yennaan jirti; \q2 barbaadiisa lakkisiisaafille yennaan jirti. \q1 Maffatiisaaf yennaan jirti; \q2 gatiisaafille yennaa jirti. \q1 \v 7 Tarsaasiisaaf yennaan jirti; \q2 hodhiisaafille yennaan jirti. \q1 Cadhisiisaaf yennaan jirti; \q2 dubbatiisaafille yennaan jirti. \q1 \v 8 Jaalatiisaaf yennaan jirti; \q2 jibbiisaafille yennaan jirti. \q1 Lolaaf yennaan jirti; \q2 nageyaafille yennaan jirti. \p \v 9 Nami waan itti elowe irraa bu'aan maan dhaggata ree? \v 10 Ani hujii ulfaattuu Waaqi namootatti fe'e dhaggeera. \v 11 Waaqi waan mara yennaa isi'iititti miidhassee dadeera. Inni halchaa yennaa dhuma hin qannee yaada namootaa keessa keyeera; te'uu malee isaan waan Waaqi jalqabaa haga dhumaatitti godhu beekuu hin dande'anu. \v 12 Nami bara jiruu ifii waan dansaa hujee itti gammadiisa caalaa wonni tokkolle akka hin jirre beekeera. \v 13 Nami martinuu nyaatee, unee, waan itti elowetti gammadiisille kennansa Waaqaa ti. \p \v 14 Wonni Waaqi huje martinuu haga bara baraa akka jiraattu ani hin beeka; wonni itti ede'amuu fi irraa fuudhamu tokkolle hin jiru. Nami martinuu akka isa sodaatuuf, Waaqi waan kana godhe. \v 15 Wonni amma jiru kama dur jiru; wonni gara duraa te'ulle kama dur te'eeru; Waaqi woma dabare deebisee fida. \p \v 16 Ani ammalle lafaa irratti waan dhibii dhagge: addee muraa haqaatitti, hammeenna, addee balchumma'aatitti, daba dhagge. \v 17 Ani, «Waaqi waan maraa fi hujii maraafille yennaa waan qabuuf, balcha'aa fi cubbichalle gara mura'aa hin fida» jedhee, gadhaa kiyya keessatti yaadadhe. \v 18 Ani ammalle, «Namooti akka bineensotaa akka te'ane akka ifi dhagganuuf, Waaqi haga isaan ilaala» jedhee, gadhaa kiyya keessatti yaade. \v 19 Hireen namaatii fi bineensaalle tokkuma. Akkuma kuun du'u kuunille du'a; isaan marti hafuuruma tokko qaban; nami bineensa hin caalu. Wonni martinuu bu'aa hin qaddu. \v 20 Martinuu addee takkaa dhaqan; martinuu akkuma biyyee irraa dadamane, garuma biyye'ee hin deebi'an. \v 21 Lubbuun namaa gara gubba'aa akka baatu, lubbuun bineensaa gara lafaa gad akka buutu eentu beeka? \v 22 Namaaf hiree isaa waan teeteef, hujii ifiititti gammadiisa caalaa wonni tokkolle akka hin jirre hubadheera. Nami du'een duuba waan te'u akka inni dhagguuf, eentu deebisee isa fiduu dande'a ree? \c 4 \s1 Cunqurfama, Eloo, Jaala Dhabiisa \p \v 1 Ammalle ani cunqurfama biyya lafaa irratti te'iisatti jiru mara dhagge. Imimmaan worra cunqurfamee dhagge; ka isaan jajjabeessulle hin jiru. Worri isaan cunqursu hunna guddoo waan qabuuf, ka isaan jajjabeessu hin jiru. \v 2 Tanaaf, ani, «Worra haga ammaa jiru'uun jiru caalaa worra duruu du'eeru woyya. \v 3 Worra lamaanuu caalaa ammoo worra hin dhalatin, ka hammeenna biyya lafaa irratti hujamu hin dhaggin woyya» jedhee yaade. \p \v 4 Wonni nami itti elowuu fi dandeetti'iin hujatu marti hinaaffaa irraa akka kaatu dhagge. Tunille bu'aa hin qaddu; akka nama qilleensa ari'ee ti. \v 5 Gowwaan harka maratee tee'ee, beelaan du'a. \v 6 Elo'oo fi qilleensa ari'iisaan harka lama dhaggatiisaa mannaa, qalbii nageyaatiin harka tokko dhaggatiisaa woyya. \p \v 7 Ammalle waan bu'aa hin qanne takka biyya lafaa irratti dhagge: \v 8 nami qofii ifii le'u tokko, ilma yookiin obboleessa ka hin qanne, ka waan mara irratti eloon isaa dhuma hin qanne, karra ifiitille'een, «Na geetti» ka hin jenne, inni «Ani eennuuf elowa? Ani maaf gammada ifi dhoogga?» jedhee ifi gaafata; kunille waan bu'aa hin qanne; hujii nama gaddisiittu. \p \v 9 Eloo ifiitiif bu'aa dansaa waan dhaggatanuuf, tokko te'uu irra lama te'uu woyya. \v 10 Tokko yoo jige, kuun ol kaasa; yoo jige, ka ol isa kaasu, nama hin qanneef ammoo aanne'e. \v 11 Nami lama yoo woliin rafe, wol hin o'isa; nami tokko attam qofuu ifi o'isuu dande'a ree? \v 12 Nami tokko nama qofuu jiru injifatulle, nami lama ifi irraa dhooggatuu dande'an. Wodaroon sadiin dhowante ariifattee hin cittu. \p \v 13 Mooticha jaarsa gowwaa gorsa hin fudhannee mannaa, dargageessa hiyyeessa qaroo woyya. \v 14 Dargaggeessi sun mana hidha'aa keessaa bayee mootii ka te'e yookiin biyyuma mootii itti te'eeru san keessatti hiyyeessa te'ee dhalateera fa'a te'a. \v 15 Worri biyya lafaa irra ideemaa le'u marti dargaggeessa addee mootichaa bu'u san hordofanuun dhagge. \v 16 Inni kolbaa bacaa bulchaa tureeyyu. Worri duubarra dhufe ammoo isatti hin gammanne; tunille bu'aa hin qaddu; qilleensa ari'iisa. \c 5 \s1 Waaqa Sodaadhu \p \v 1 Yennaa gara Galma Waaqaa seentu miila keetii eeggadhu; caqasiisaaf qophowanee dhikaatiis, ciincaa gowwoole'ee, ka worra waan hantuu akka huje hin beenne caalti. \v 2 Afaan keetiin hin ariifatin; Waaqa duratti waan tokko dubbatiisaafille gadhaa keeti keessatti hin jarjarin. Waaqi ol-gubbaa jira; ati ammoo lafa irra jirta; maarre dubbiin teeti diqqoo teetuu ti. \v 3 Hujiin yennaa bacattu akkuma oojjuu namatti fiddu, addee dubbiin bacattutti dubbii gowwa'aatitti jira. \v 4 Waaqaaf yennaa waadaa galtu, muummessiisaaf hin turin. Inni worra gowwa'atti hin gammadu; waadaa keeti muummessi. \v 5 Waadaa galtee muummessiisa dhabuu irra, waadaa galiisa dhabuu woyya. \v 6 Afaan keeti gara cubbu'uu si hin geessin. Ergamaa Galma Waaqaatiin, «Waadaan ani gale dokonkora» hin jedhin. Maaniif Waaqi dubbii teetitti aaree hujii harka keetii balleessa ree? \v 7 Oojjuun baca'aa fi dubbiin bacaan bu'aa hin qaddu. Tanaaf, Waaqa sodaadhu. \s1 Durummaan Bu'aa Hin Qaddu \p \v 8 Biyya tokko keessatti hiyyeessi cunqurfamee, muraan haqaatii fi mirgi isaa dhooggameen yoo dhaggite, waan akkasii san hin baaseffatin; qondaalli tokko qondaala isa ajaju tokkoon ilaallama; isaan lachuu irralle'etti ol aanaa dhibi'ittuu jira. \p \v 9 Wonni latti baachu ta nama maraa ti; mootichinuu fichaa irraa fayyadama. \p \v 10 Nami beesee jaalatu ijjumaa beesee hin quufu; nami durummaa jaalatulle ijjumaa bu'aa hin quufu; tunille bu'aa hin qaddu. \v 11 Karri yennaa bacattu, worri nyaatulle hin bacatan. Ka horate ila ifiitiin ilaaliisa malee, maan bu'aa isaaf qaba? \v 12 Hojjataan diqqoo yookiin guddoo nyaatulle hirriiba dansaa rafa; bacinni karra dureessaa ammoo hirriiba isa dhooggiti. \p \v 13 Wonni hantuun ani biyya lafaa irratti dhagge takka, karra abbaa horate miidhiisaaf tuulantu, \v 14 yookiin karra dedhuma baddu; inni yennaa ilma uumatu, harka ifii duwwaa hafa. \v 15 Nami qullaa ifii gadaamessa haadha ifii keessaa dhalata; akkuma dhalate san deebi'ee hin deema; waan itti elowe keessaa tokkolle harkatti qabatee hin deemu. \v 16 Tunille waan hantuu akka malee nama gaddisiittu; nami akkuma dhalate san deebi'ee hin deema; wonni itti elowe sun akka waan qilleensi fudhatee eega teete, inni bu'aa maan dhaggata ree? \v 17 Inni bara jiruu ifii mara gadda gudda'aan, dhibe'ee fi aari'iin dukkana keessa le'a. \p \v 18 Tun hiree isaa waan teeteef, nami bara jiruu ifii diqqoo Waaqi biyya lafaa irratti isaaf kenne tana keessatti nyaataa, unaa, waan itti elowe maratti gammadiis waan dansa'aa fi waan isaaf maltee akka teete hubadhe. \v 19 Waaqi karraa fi qabeenna namaaf kennee, akka nami hiree ifii fudhatee, waan itti elowetti gammadu, tun kennansa Waaqaa ti. \v 20 Waaqi gammada gadha'aa namaaf waan kennuuf, nami marroo bara jiruu ifiitiif hin yaaddowu. \c 6 \p \v 1 Ani biyya lafaa irratti waan hantuu dhibii dhagge; isiille namootatti akka malee ulfaatti: \v 2 nami halchaa gadhaa ifii akka hin dhanne, Waaqi karra, qabeennaa fi ulfinna isaaf hin kenna. Ammoo alaga'atti qabeenna isaa nyaata malee, Waaqi akka inni qabeenna ifii nyaatu isa hin goone; tunille bu'aa hin qaddu; akka malee waan hantu'u. \v 3 Nami tokko ijoollee dhibba uumatee, bara bacaa le'uu dande'a; haga le'elle le'u, inni yoo karra ifiititti hin gammadin, ulfinnaan yoo hin awwaalamin, ani, «Isa caalaa finna du'ee dhalate woyya» jedha. \v 4 Finni adoo hin dhalatin du'e sun bu'aa hin qabu; maqaa malee, dukkana keessaa dukkanatti deebi'a. \v 5 Finni sun ijjumaa aduu dhagguu dhabulle yookiin womaa beekuu dhabulle, nama san caalaa foora qaba. \v 6 Namichi sun woggaa kuma lama yoo le'elle ammoo karra ifiitiin hin gammanne. Isaan lamaanuu addee takkaa dhaqanii motii ree? \p \v 7 Eloon namaa martinuu woma nyaatu dhaggatiisaaf; te'uu malee fedhiin isaa ijjumaa hin guuttu. \v 8 Nami qaroon nama gowwaa maaniin caala ree? Nami hiyyeessille namoota dhibii odduu attam akka le'u beekuun maan bu'aa isaaf qaba ree? \v 9 Halcha'aan joonjuu irra, waan ilti dhaggitu woyya. Halcha'aan joonjuun bu'aa hin qaddu; qilleensa ari'iisa. \p \v 10 Wonni amma jiru woma duruu maqaan itti moggaafame; nami maan akka te'e duruu beekkameera. Nami ka isa caalaa jabaatu woliin falmatuu hin dande'u. \v 11 Dubbiin bacattu, wonni bu'aa hin qannelle bacatti; isii keessaa nami maan bu'aa dhaggata ree? \v 12 Nami bara jiruu ifii ta bu'aa hin qanne, gabaadduu akka gaaddisaa dabartu tana keessa adoo jiruu, waan isaaf dansaa te'e eentu beeka? Inni du'een duuba biyya lafaa irratti waan te'uuf jiru eentu isatti himuu dande'a? \c 7 \s1 Qarummaa \p \v 1 Fiqiree dansa'aa mannaa, maqaa dansaa woyya; guyyaa dhalootaatii mannaa guyyaa du'aa woyya. \p \v 2 Gara mana nyaataa fi unto'oo dhaqiisaa mannaa, gara mana bowaa dhaqiisa woyya; duuti muummee nama maraa waan teeteef, worri jiraataan tana qalbeeffatuu ti. \p \v 3 Gaddi qalbeeffatiisaaf dansaa waan te'eef, kollaa mannaa, gadda woyya. \p \v 4 Nami qaroon marroo gaddaa yaadata; nami gowwaan ammoo marroo gammadaa qofa yaadata. \p \v 5 Faaruu worra gowwa'aa caqasu'uu mannaa, xixicha nama qaro'oo caqasuu woyya. \p \v 6 Kolli nama gowwa'aa akka qoree okkotee jalaa xaxa'ittuu ti; tunille bu'aa hin qaddu. \p \v 7 Cunqursiisi nama qaroo gowwaa gooti; safuun qalbii nama balleessiti. \p \v 8 Jalqaba waan tokkootii mannaa, muummee isi'ii woyya; koora mannaa, ossata woyya. \p \v 9 Aariin bobaa gowwa'aa keessa waan jirtuuf, ati ariifattee hin aarin. \p \v 10 Gaaffiin akkasii gaaffii nama qaro'oo waan hin te'iniif, «Bara ammaatii mannaa, maaf bara durii woyya?» jettee hin gaafatin. \p \v 11 Qarummaan akkuma dhalaa dansa'a; worra lafa irra le'uuf bu'aa qaddi. \v 12 Akkuma beeseen gollaa namaaf teetu, qarummaalle gollaa namaaf teeti; irra caalaa ammoo qarummaan jiruu nama isii qabuu hin eeddi. \p \v 13 Me waan Waaqi godhe ilaali! Waan Waaqi dasse eentu qajeelchuu dande'a ree? \v 14 Barri dansaa yennaa te'e, gammadi; barri badaa yennaa te'e ammoo, hubadhu; Waaqi akkuma waan tokko dade, waan dhibiille dade; tanaaf nami waan gara duraa te'u hin beeku. \v 15 Ani bara jiruu tiyyaa ka bu'aa hin qanne kana keessa, nami balchaan tokko adoo balchaa te'eeruu du'uun, nami hamaan tokko adoo hamaa te'eeruu bara dheeraa le'uun, waan lamaan kana dhaggeera. \v 16 Ati akka malee balchaa, akka malee qaroolle hin te'in. Yoo akkas teete ifi balleessita. \v 17 Yennaa teeti malee akka hin duuneef, akka malee hamaa, akka maleelle gowwaa hin te'in. \v 18 Waan tokko qabatanee, ta dhibiille lakkisuu dhabiis dansa'a. Nami Waaqa sodaatu waan mara irra haga taree hin deemu. \p \v 19 Bulchitoota kudhan qachaa tokko keessa jiranu caalaa, qarummaan nama qaroo tokkoof jabeenna kenniti. \p \v 20 Nami balchaan yennaa mara waan dansaa huju, cubbuulle ka ijjumaa hin hunye, lafa irra hin jiru. \p \v 21 Tajaajilaan keeti si abaaruun akka hin dhageenneef, jecha kolbaan jettu mara hin caqasin; \v 22 atinuu yennaa hedduu worra dhibii akka abaarte, gadhaan keeti hin beeka. \p \v 23 Ani qarumma'aan waan kana mara haga ilaalee, «Ani qaroo hin te'a» jedhee yaade. Qarummaan ammoo na irraa fagaatte. \v 24 Qarummaan waan teetelle teetu, waan fagoo jirtu; waan guddoo gad fagaatteertulle'e. Eentu barbaadee isii dhagguu dande'a? \v 25 Tanaaf ani qalbii tiyya gara beekkumsaa, gara wo qorqoriisaa, gara qarummaa barbaadiisaa, gara hiikkaa hundee waan mara barbaadiisaa, gara dadhabbii worra gowwoole'ee hubatiisaatii fi gowwummaan maraatiisa akka teete hubatiisaa deebifadhe. \p \v 26 Ani dubartii akka tiyyo'oo, ta yaad isi'ii akka fonxoro'oo, ta harki isi'ii akka haachabaa, ta du'a caalaa hadhoottu dhagge. Nami Waaqaa isii jalaa hin miliqa; cubbicha ammoo akka tiyyo'oo hin qabatti. \v 27 Lallabaan sun, «Kunoo, wonni ani qorqore tana: hundee waan maraa qorqoriisaaf, waan tokko waan dhibii irratti ede'ee, \v 28 adoo barbaadiisatti jiruu ammoo ammalle hin dhaggine. Namoota kuma oddu'utti namicha yaada qajeelaa qabu tokkocha dhaggeera; isaan mara oddu'utti ammoo dubartii qajeeltuu takkattiille hin dhaggine. \v 29 Ani tana callaa dhagge: Waaqi nama yaada qajeelaa qabu dade; namooti ammoo mala hedduu barbaadane» jedha. \c 8 \p \v 1 Nami akka nama qaro'oo hiikkaa woyii beeku eennu? Qarummaan fuula namaa ifaallessa gooti; nyaara namaalle hin jijjiirti. \s1 Mooti'iif Ajajamuu \p \v 2 Waaqa duratti waan kakatteef, ajaja mooti'ii muummessi. \v 3 Fuula mooti'ii duraa deemiisaaf hin ariifatin; inni waan jaalate godhiisa waan dande'uuf, dubbii baddu'uuf hin dhaabbatin. \v 4 Jechi mooti'ii baallii waan qabuuf, «Ati maaf waan kana goota?» ka jedhuu dande'u eennu? \v 5 Nami ajaja mooti'iitiif ajajamu hin miidhamu; gadhaan nama qaro'oo yennaa wo itti hujuu fi akka itti wo huju hin beeka. \v 6 Rakkinni namaa akka malee itti ulfaatulle, waan maraaf yennaa itti teetuu fi akka itti teetutti jira. \v 7 Nami waan gara duraa te'u eega hin beenne, waan dhufu'uu jiru eentu itti himuu dande'a ree? \v 8 Nami hafuura isa keessaa bawu irratti, guyyaa du'a ifii irralle'etti baallii qabu hin jiru. Akkuma nami Yennaa lolaa keessa gad lakkifamuu hin dandeenne, wonni hantuun worra isii huju gad hin lakkittu. \s1 Nama Hama'aa Fi Nama Balchaa \p \v 9 Ani waan biyya lafaa irratti hujame mara qalbii tiyyaan qorqoree dhagge. Nami nama miidhiisaaf\f + \fr 8:9 \fr*\fqa Nami nama miidhiisaaf: \fqa*\ft Ka jedhu kun ifi miidhiisaaf jedhameelle hiikamuu hin dande'ama.\ft*\f*, yennaa nama dhibii irratti goottaa te'utti jira. \v 10 Akkasuma, ani worri hamaan addee woyyitti'ii gad bayaa, ol seenaa turane, awwaalamanee dhagge; isaan qachuma waan hantuu itti hujane keessatti leellifamane. Tunille bu'aa hin qaddu. \v 11 Yakkaa irratti muraan ariiti'iin yennaa hin kennamin, gadhaan kolba'aa mala hantuu hujiisaatiin guutama. \v 12 Nami cubbaalessi yennaa dhibba yakkaa hujee bara dheeraa le'ulle, worra Waaqa sodaatu, ka ulfinna Waaqaaf kennuuf wonni dansaan akka teetuuf ani hin beeka. \v 13 Nami hamaan ammoo Waaqa waan hin sodaanneef, wonni dansaan isaaf hin teetu; barri isaalle akka gaaddisaa hin dheeratuuf. \p \v 14 Wonni dhibiin bu'aa hin qanne takka lafa irra jirti: waan nama balcha'aaf te'u nami hamaan, waan nama hama'aaf te'u nami balchaan fudhata; tunille waan bu'aa hin qanne. \v 15 Nami biyya lafaa irra le'u nyaatee, unee, gammadiisa caalaa wonni tokkolle waan hin jirreef, maarre ani gammadiis dansaa akka te'e murteesse; tanaaf, nami bara Waaqi biyyaa lafaa irratti jiruu isaaf kenne mara hujii ifiititti hin gammada. \v 16 Ani qarummaa beekiisaaf, eloo namaa ta lafa irratti halkanii fi guyyaa ilti isaa hirriiba hin qanne hubatiisaaf, qalbii tiyyaan yennaa qorqoru, \v 17 waan Waaqi huje mara dhagge; waan biyya lafaa irratti godhamu eennulle beekuu hin dande'u; nami qorqoriisaaf guddoo wodhaanulle hiikkaa dhaggiisaaf hin dande'u; nami qaroon, «Hin beeka» yoo jedhelle, ijjumaa hubatuu hin dande'u. \c 9 \s1 Muummee Nama Maraa \p \v 1 Ani kana maraa hubatiisaaf wodhaaneera. Nami balcha'aa fi qaroon, hujiin isaaniille harka Waaqaa keessa jirti; wonni isaan eeggatu, jaalala yookiin jibba akka te'e, nami beeku hin jiru. \v 2 Nami balcha'aa fi hamaan, nami dansa'aa fi badaan, qulqullichii fi battichi, ka ciincaa dhikeessuu fi ka hin dhikeessine martinuu hiruma tokko qaban. Nama dansa'aaf akkuma teetu, nama cubbichaafille teeti; worra kakatuuf akkuma teetu, worra kakuu sodaatuufille teeti. \v 3 Waan biyya lafaa irratti te'u mara keessaa wonni hantuun hiree tokko dhaggatiisa nama maraa ti; irra caala'aayyuu, gadhaan namootaa hammeennaan guutameera; bara jiruu isaanii mara maraattummaan gadhaa isaanii keessa jirti; muummee irratti gara du'aa deeman. \v 4 Nami odduu worra jiraata'aa jiru ammoo addii qaba; neenqa du'ee mannaa, saree jirtu woyya. \v 5 Worri jiru akka du'anu hin beekan; worri du'e ammoo waan tokkooyyuu hin beekanu; gatii hin qabaatanu; dabarsiin isaaniituu hin dedhanti. \v 6 Jaalalli isaanii, jibbaa fi hinaaffaan isaanii eega baddee turteerti; waan biyya lafaa irratti te'u keessatti isaan ijjumaa qooda hin qabanu. \v 7 Wonni ati amma gootu Waaqa duratti fudhatama waan qadduuf, dhaqiitii sagalee teeti gammadaan nyaadhu; daadhii woyni'ii teetille gadhaa gammadaatiin uni. \v 8 Yennaa mara woyaa adii uffadhu; mataa keetille zayitii ejersaa dibadhu. \v 9 Jiruu teetii fi biyya lafaa ta irratti eloottu keessatti tun hiree teeti waan teeteef, bara jiru'uu ka bu'aan hin qanne ka Waaqi si'iif kenne kana mara keessatti, niitii teeti ta jaalattu woliin gammadi! \v 10 Addee worri du'e jiru, ta ati dhaqiisaaf jirtu san hujiin yookiin itti yaadanee wo qopheeffatiis yookiin beekkumsi yookiin qarummaan waan hin jirreef, waan harki keeti hujiisa beeku mara hunna teeti guutu'uun huji! \p \v 11 Ani ammalle waan dhibii biyya lafaa irratti dhagge: worri akka malee rukkisu yennaa mara hin injifatu yookiin loltooti jajjabbaan lola hin injifattu yookiin qaroon sagalee hin qabu yookiin beekaan durummaa hin qabu yookiin worri dandeettii qabu hin leellifamu; yenna'aa fi hireen ammoo isaan mara irratti hin teeti. \v 12 Nami hiree isaa badduun yoom akka itti dhuttu hin beeku; akkuma qurxummiin caccoo hantuu seentee qabantu, akkuma sinbirreen ribboo jala seentu, ilmaan namaalle yennaa hantuu dedhuma isaanitti dhuttuun hin qabaman. \s1 Qarummaan Gowwummaa Caalti \p \v 13 Ani ammalle biyya lafaa irratti fakkeenna qarumma'aa ka guddoo natti maadee te'e tokko dhagge: \v 14 qachaan diqqaan nami diqqaan keessa le'u tokko jiraayyu; mootiin hunnaamessi tokko dhufee lola itti kaasee, kaabii guddoo marsee itti ijaare. \v 15 Namichi hiyyeessi qaroon qachaa san keessa le'u tokko jiraayyu; inni qarummaa ifiitiin qachaa san hambure. Ammoo namicha hiyyeessa san nami tokkolle hin qaabanne. \v 16 Maarre ani, «Qarummaan jabeenna caalti» jedhe; ammoo namichi kun hiyyeessa waan te'eef, qarummaan isaa tuffatante; jecha isaalle nami dhage'e hin jiru. \v 17 Iyya bulchaa gowwoole'eetii mannaa, dubbii qaroon laana dubbatu woyya. \v 18 Qarummaan meya woraanaa caalti; cubbaalessi tokko ammoo waan dansaa bacaa balleessa. \c 10 \p \v 1 Akkuma tiitichi du'e fiqiree ajeessu, gowwummaan diqqoon qarumma'aa fi ulfinna namaa diqqeessiti. \v 2 Qalbiin nama qaro'oo gara karaa qajeelaa isa geessiti; qalbiin nama gowwa'aa ammoo gara karaa dokonkoraa isa geessiti. \v 3 Gowwaan karaa yennaa ideemuuyyuu, wodanaa hin qabu; inni attam gowwaa akka te'e eennulle'etti hin mudhisa. \p \v 4 Bulchaan keeti sitti aaree yoo si irratti ka'e, addee teeti gad hin lakkisin; sarmiis aarii guddoo qabbaneessiti. \p \v 5 Waan hantuu ani biyya lafaa irratti dhagge keessaa tokko, dokonkora bulchaan huju. \v 6 Gowwooleen addee ulfinnaa tee'anee, dureeyyiin ammoo addee gad aantuu tee'aneeran. \v 7 Qondaaltoti akka garbootaa miilaan ideentuun, garboota farda irratti dhagge. \p \v 8 Nami boolla qotu ifumaafuu keessa bu'a. Nama dalleya dhaka'aa diigu dhudhuufaan hin idda. \v 9 Nama dhakaa fonqolchu, dhakaan hin miidha; nama muka fadhaansu muki sun hin madeessa. \v 10 Agaraan duude yoo hin qaramin, hunna guddoo barbaachisa; dandeettiin ammoo nama milkeessiti. \v 11 Dhudhuufaan adoo qorsaan hin muusowin yoo idde, namichi qorsaan muusessu sun womaa bu'aa hin dhaggatu. \v 12 Dubbiin afaan nama qaro'oo keessaa baatu, fudhatama qaddi; nami gowwaan ammoo dubbuma ifiitiin bada. \v 13 Jalqaba irratti dubbiin isaa gowwumma'a; dhuma irratti maraattummaa hantu'u. \v 14 Gowwaan dubbii baceessa. \p Waan dhufu'uu jiru, nami beeku tokkolle hin jiru; nami du'een duuba, waan te'uuf jiru, eentu isatti himuu dande'a ree? \p \v 15 Hujiin gowwa'aa isuma dadhassiitti; inni karaa gara qacha'aa geessuuyyuu hin beeku. \p \v 16 Ee biyya mootiin ijoollichaa, ta qondaaltoti teeti ganamaan jila nyaataa fi unto'oo qopheeffattu si'iif aanne'e! \v 17 Ee biyya mootiin keeti sanyii dansa'aa, ta qondaaltoti teeti machi'iif adoo hin te'in, ittiin jabaatiisaaf, yennaa barbaachisaa teetetti nyaatanee unanu, ati ta hiree dansaa qaddu! \p \v 18 Nami yoo booseya te'e, heellichoon hin duufa; harka ifii maratee yoo tee'e, manni hin dhim'isa. \p \v 19 Jilti areerti'ii nama gammachiisiisaaf qophootti; daadhiin woyni'ii jiruu namaa gammachiitti; beeseen ammoo waan mara bitti. \p \v 20 Yaada keeti keessatti mootii hin abaarin yookiin kolloo teeti keessatti dureessa hin abaarin; sababille worri akka sinbirree koolaan kaatuu tokko dubbii teeti fuudhee, waan ati jettu hin hima fa'a te'a. \c 11 \s1 Waan Nami Qaroon Godhu \p \v 1 Guyyaa heddu'uun duuba deebitee waan dhaggattuuf, midhaan keeti bisaan irra ergi. \v 2 Balaa hamaa lafa irratti dhufu ati waan hin beenneef, karra teeti addee torbatti yookiin saddeetitti qoodii maffadhu. \p \v 3 Duumensa keessa bisaan yoo guute, bokkeenni lafa irratti rooba. Muki gara kibbaa yookiin gara kaabaa yoo jige, adduma itti jige san hin irkata. \v 4 Nami yennaa mara qilleensa dansaa eegatu hin facaafatu; nami yennaa mara duumensa ilaalu hin haammatu. \v 5 Qilleensi eessa akka deemu yookiin jiruun yookiin hafuurri gara finna gadaamessa haadhaa keessa jiruu attam akka seenu akkuma beekuu hin dandeenne, ati hujii Waaqa waan mara dadee beekuu hin dandeettu. \v 6 Waan ati facaatte keessaa ka tolu kam akka te'e waan hin beenneef, midhaan keeti ganamaan facaasi; galgalalle harki keeti hujii hin lakkisin; kun yookiin sun yookiin lamaanuu hin tola fa te'a. \p \v 7 Ifi dansa'a; aduu ilaaliis ilatti tola. \v 8 Nami bara hedduu le'ulle, bara san mara gammaduu ti; ammoo barri dukkanaa bacaa akka te'e qaabatuu ti. Wonni dhufu martinuu bu'aa hin qabu. \s1 Gorsa Dargaggootaaf Kenname \p \v 9 Ee dargaggeessa, yennaa dargaggummaa teetii gammadi! Bara dargaggummaa teetii gadhaan keeti gammaduu ti; yaada gadhaa keetii, waan ilti teeti dhaggite gula deemi; waan kana maraaf ammoo, Waaqi gara mura'aa akka si fidu beeki. \p \v 10 Tanaaf gadhaa keeti keessaa yaaddoo fageessi; nafa keeti keessaa waan hantuu baasi. Sababille dargaggumma'aa fi jabeenni bu'aa hin qaddu. \c 12 \p \v 1 Barri rakko'oo adoo hin dhufin, woggooti, ati, «Ana hin gammachiisanu» jettulle adoo hin dhikaatin, bara dargaggummaa teetii ka si dade qaabadhu. \v 2 Ati yennaa dulloontu aduun, ifi, jiinii fi urjiin hin dukkanowan; duumensi bokkeyaa hin dabaru. \v 3 Yennaa san harki keeti hin hollata; miilli keeti hin dadhaba; ilkaan keeti waan si irraa harca'uuf corqitee hin dandeettu; ilti teetille hubattee hin dhaggitu. \v 4 Yennaa san gurri keeti dhage'uu hin dadhaba; yennaa wo nyaattulle corqiis hin dhage'amu; namooti yennaa sinbirreen woccu hin ka'an; qoonqoon woca isaanii ammoo sitti diqqoo dhage'ama. \v 5 Yennaa san tarba bayiisa hin sodaatta; miilaan deemiisa guddoo hin sodaatta; rifeensi keeti akka daraaraa muka «Almond» jedhamuu adii hin te'a; yennaa ideentu akka korophiisaa hin tatabbitta; fedhiin teeti hin baddi. Achiin duuba ati gara mana keeti ka bara baraa hin deenta; kolbaan awwaala keetiif hin yaati. \v 6 Jiruun teeti akka haachaba meeti'ii adoo hin citin yookiin akka qorii worqi'ii adoo hin cabin yookiin akka waan bisaaniin woraabbatanuu, madda biratti adoo hin bututin yookiin akka korboo bisaan boollaa ittiin woraabbatanuu, adoo hin cabin, \v 7 biyyeen gara biyye'ee adoo hin deebi'in, hafuurrille gara Waaqa isa kennee adoo hin deebi'in ka si dade qaabadhu. \p \v 8 Lallabaan, «Wonni martinuu bu'aa hin qaddu! Dhugumaan bu'aa hin qaddu!» jedha. \s1 Yaada Buufataa \p \v 9 Lallabaan qaroo waan te'eef, waan ifii beeku kolbaa barsiise; mammaassa hedduu itti yaadee, qorqoree, tarree galchee qopheesse. \v 10 Inni jecha sirri'ii dhaggiisaaf qorqoree, waan dhugaa te'ee fi sirrii te'e barreesse. \v 11 Jechooti qaroole'ee akka sibiila mutaa qotiyyoo ittiin oofanuu ti; jechooti isaanii ka wolitti qabamane, akka mismaara lixee seenee ti; jechi kun martinuu Waaqa tokkocha nu mara tissu irraa kennamane. \p \v 12 Ilma kiyya, gorsa dhibii kanatti aanee jirulle fudhadhu! Kitaabota hedduu barreessiisille muummee hin qabu; kitaaba qorqortii baceessiis nama dadhassiisa. \p \v 13 Amma wonni marti dhage'anteerti; muummeen waan maraa tana waan teeteef, Waaqa sodaadhu; ajaja isaa eeggadhu; hujiin namaa guddittiin tana. \v 14 Waaqi hujii maraayyuu, dansaalle teetu yookiin hantuu, ta dhokaataatitti hujantelle, gara mura'aa hin fida.