\id DEU - Guji Bible \ide UTF-8 \h Kitaaba Seera Keessa Deebii \toc1 Kitaaba Seera Keessa Deebii \toc2 Kitaaba Seera Keessa Deebii \toc3 Kes. \mt1 Kitaaba Seera Keessa Deebii \imt Seensa \ip Kitaab Seera Keessa Deebi'ii kolbaan Israa'elii yennaa hedduu goomolee keessa deenteen duuba, biyya Kana'aanotaa seeniisaaf diqquma hafanee, biyya Mo'aabii keessa yennaa turane, dubbii Muuseen itti xiyyeeffatee isaanitti dubbate ka qabateeru. \ip Kitaaba Seera Keessa Deebi'ii keessatti waan guddoo barbaachisaa te'anee galmeeffamaneeranu keessaa gariin ka asii gad jiranu: \ili 1. Muuseen woggoota afurtama dabarane keessatti marroo waan gugurdoo muummeffamane qaabatiisaan dubbata. Inni goomolee keessatti Waaqi kolbaa attam akka sooresse qaabachiisiisaan, isaan Waaqaaf akka addatamanuu fi qajeelumma'aan akka isaaf ajajamanu isaan yaadachiisa. \ili 2. Muuseen ajajoota kudhan irra deebi'ee, keessattuu marroo ajaja qaraa diidessee dubbataa, kolbaan Mootii Waan Maraa qofa akka waaqonfattu yaadachiisa. Achiin duuba Israa'elooti lafa isaaniif kennamiisaaf waadaa galame keessatti seera adda addaa ka ittiin bultu irra deebi'ee diidessa. \ili 3. Muuseen Gondooroon Waaqi isaan woliin gale ta attamii akka teete isaaniif hiikee, kolbaan Gondooroo tanaaf addatamummaa ifii akka haareffatanu qaabachiisa. \ili 4. Iyaasuun addee Muuse'eetitti sooressa te'ee muudama. Muuseen marroo addatamummaa Waaqaa faarfatee gosa Israa'elii mara eebbiseen duuba, lafa Mo'aabii ta laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jirtutti du'a. \ip Yaad guddaan kitaaba kanaa Waaqi kolbaa isaaf filatante ta jaalatu akka baasee fi akka eebbise dubbata. Kolbaan eebbi Waaqaa adoo isaan irraa hin hafin akka le'uu dandeettuu fi waan Waaqi isaaniif godhe duudii qaabataa yennaa mara Waaqa akka jaalattuu fi isaaf akka ajajantu isaan yaadachiisa. \ip Kitaaba kana keessatti laakkossi Yaada guddaa qabu 6:4-6 irra ka jiranu ka Yesuus: Ajajoota mara keessaa ka caalu, «Mootii Waan Maraa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin jaaladhu» jedhee dubbate ka qabateeru. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Dubbii Muuse'ee Ta Qaraa\ior 1:1—4:49\ior* \io1 Dubbii Muuse'ee Ta lammeesso'oo\ior 5:1—26:19\ior* \io2 Ajajoota kudhan\ior 5:1—10:22\ior* \io2 Seera, Seera ittiin Bulmaataatii fi ifi eeggachiisa\ior 11:1—26:19\ior* \io1 Qajeelfama biyya Kana'aanii Seeniisaaf kenname\ior 27:1—28:68\ior* \io1 Haareffamiisa Gondooro'oo\ior 29:1—30:20\ior* \io1 Dubbii Muuse'ee Ta dhumaa\ior 31:1—33:29\ior* \io1 Du'a Muuse'ee\ior 34:1-12\ior* \c 1 \s1 Gaara Siina'aatii Akka Deemanuuf Qajeelfama Kenname \p \v 1 Dubbiin Muuseen lafa Yordaanosii karaa aduun baatu jirtu goomolee Arabaayii keessatti fuullee Suufiititti, Phaaraanii fi Tofel wodhakkaa, Laabaan, Haserootii fi Diizaahabitti Israa'elootatti dubbate ta asii gad jirtu: \v 2 Karaa gaara Se'iiriitiin gaara Siina'aa irraa haga Qaadesh-Barne'aatitti, karaa guyyaa kudhanii tokkoo ti. \v 3 Israa'elooti biyya Gibxi'iitii baatee woggaa afurtameesso'ootitti, ji'a kudhanii tokkeesso'oo, guyyaa tokkeesso'ootitti, Muuseen waan Mootiin Waan Maraa marroo isaaniitiif isa ajaje mara Israa'elootatti hime. \v 4 Tun eega inni mooticha Amoorotaa Sihoon ka Heshiboon keessa tee'ee bulchuu fi mooticha Baashaanii Oog ka Ashitaaroti keessa tee'ee bulchu Edraayitti injifateen duuba teete. \v 5 Muuseen lafa Mo'aabii ta laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jirtu keessatti seera Waaqaa barsiisiisa jalqabee, \v 6 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna gaara Siina'aa irratti nu'uun, «Kunoo isin, gaara kana gubbaa yennaa dheertuu turtaneertan. \v 7 Amma asii ka'a'aatii gara biyya koobittii Amoorotaa, gara kolbaa ollaa isaanii ta Arabaayi keessaa mara, gara lafa gaaraa, gara lafa koobota jalaa ta gara aduun seentuu, gara goomolee kibba kana'aanii\f + \fr 1:7 \fr*\fqa Kibba Kana'aanii: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin Negeb jedha. \fqa*\f*, ta irga abbaayaa Mediteraaniya'aa gara lafa kana'aanotaa, gara Libaanonii haga Efraaxiisii laga guddichaatitti deema'a. \v 8 Kunoo, ani Mootiin Waan Maraa, lafa ani abbootii teessan ta durii Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobii fi sanyii isaaniitiif kenniisaaf waadaa gale, isiniif kenneera; dhaqa'aatii qabadha'a» jedheera. \s1 Filamiisa Abbootii Mura'aa \r (Bay. 18:13-27) \p \v 9 Ani yennaa san, isiniin, «Isin natti ba'aa guddoo ulfaattuu ta ani qofii tiyya ba'atiisa hin dandeenne. \v 10 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan laakkossa dabalee, kunoo, isin adha akka urjii gubba'aa bacattaneertan. \v 11 Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii akkuma waadaa isiniif galetti, yennaa kuma laakkossa keessan dabalee, isin eebbisuu ti! \v 12 Te'uu malee ani attamiin qofii tiyya rakkoo teessan, ba'aa teessanii fi moromaa teessan ba'atiisa dande'a ree? \v 13 Isin namoota qaroolee, hubanti'ii fi ulfinna qabanu gosa teessan fila'a; anille akka isaan sooressitoota teessan te'anu hin godha» jennaan, \v 14 isin deebittanee, «Yaad ati dhikeessite dansa'a» naan jettane. \v 15 Tanaaf sooressitoota gosa teessanii worra qaroo ulfinna qabanu san fuudhee, gosa gosa teessan irratti ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaatii fi qondaaltota kudhanii godhe. \p \v 16 Ani yennaa san abbootii mura'aa teessan ajajee «Moromaa kolbaa teessan wodhakka'atti kaatu yookiin nama Israa'elii tokkoo fi alagaa wodhakka'atti kaatu ilaala'aatii, muraa dhuga'aa kenna'a. \v 17 Muraa kennitanu irratti hin golina'a; nama gudda'aa fi nama diqqaalle wol qixa ilaala'a. Muraan ta Waaqaa waan teeteef, nama tokkolle hin sodaatina'a. Waan guddoo isinitti ulfaate natti fida'a, ani hin ilaala» jedhe. \v 18 Ani yennaa san waan isin godhuu qaddanu mara isinitti himeera. \s1 Worri Dooyu Ergame \p \v 19 Achiin duuba nuuti akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu ajajetti gaara Siinaatii kaanee, akkuma dhaggitane, goomolee badho'oo fi sodaachittuu keessa karaa biyya koobittii Amoorotaatiin, gara biyya Qaadesh-Barne'aa dhandhe. \v 20 Achiin duuba ani isiniin, «Isin biyya koobittii Amoorotaa, ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu'uuf kennu geettaneertan. \v 21 Kunoo, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa tana isiniif kenneera. Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii isinitti hime ol baya'aatii qabadha'a. Hin sodaatina'a; addii hin kutatina'a» jedhe. \p \v 22 Achiin duuba isin marti gara kiyya dhuttanee, «Gara biyya sanii dhaqanee akka dooyanu dursinee namoota erginuu ti; isaan karaa achi nu geessuu fi qachoota itti dhaqaarru dooyanee deebi'anee nutti himanuu ti» jettane. \p \v 23 Yaad kun dansaa natti fakkaannaan, anille gosa tokko tokko keessaa, nama tokko tokko namoota kudhanii lama file. \v 24 Isaanille gara biyya koobitti'ii ol bayanee haga dhooqa Eshikolii deemanee dooyane. \v 25 Midhaan lafa sanii keessaa garii fidanee dhufanee, «Latti Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nuu kennaaru lafa dansa'a» jedhanee nutti himane. \p \v 26 Isin ajaja Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii mormitanee finqiltane malee, gara lafa sanii ol bayiisa hin jaalanne. \v 27 Isin dunkaanii teessan keessatti gunguntanee, «Mootiin Waan Maraa nu jibbee, worri Amoorotaa akka nu balleessuuf, harka isaaniititti dabarsee nu kenniisaaf biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. \v 28 Nuuti eessa dhaquu dandeenna ree? Namooti nuuti ergine, ‹Namooti achi jiru nu caalaa worra jajjaba'aa fi worra dhedheera'a; qachootille gugurda'a; dalleenni dhaka'aa ka qachoota saniille haga ol-gubba'aa dheerata; sanyii Aanaaqotaalle achitti dhaggineerra› jedhanee nu sodaachisaneeran» jettane. \p \v 29 Achiin duuba ani isiniin, «Hin bararaqina'a. Isaan hin sodaatina'a. \v 30 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ka isin dura deemu, biyya Gibxi'ii keessatti ila teessan duratti akkuma isiniif tolche, isiniif hin lola. \v 31 Isin goomolee keessa haga addee tana geettanutti karaa dhaxxane mara irratti, akka abbaan ilma ifii ba'atu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan attam akka isin ba'ate achitti dhaggitaneertan» jedhe. \v 32 Tun teetulle, isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessanitti hin addanne. \v 33 Inni ideensa keessan irratti addee isin itti qubattanu isiniif barbaadiisaaf, karaa isin deemuu qaddanulle isinitti mudhisiisaaf halkan ibiddaan, guyyaa duumensaan isiniin dura deemeera. \p \v 34 Mootiin Waan Maraa dubbii teessan tana yennaa dhage'e aaree, kakatee, \v 35 «Dhaloota hamaa kana keessaa nami tokkolle lafa dansaa ani abbootii teessanii kenniisaaf waadaa gale san hin dhaggu. \v 36 Ilma Yofune'ee Kaaleb malee, nami lafa san dhaggu hin jiru; inni lafa san hin dhagga; inni gadhaa tokkochaan ana Mootii Waan Maraa waan hordofeef, ani lafa inni miila ifiitiin irra ijjate mara isaaf, sanyii isaatiifille hin kenna» jedhe. \v 37 Mootiin Waan Maraalle sababa keessaniif natti aaree, «Atille achi hin galtu. \v 38 Iyaasuun ilmi Nunii qarqaaraan keeti ammoo gara lafa sanii hin gala; inni kolbaan Israa'elii lafa san akka dhaaltu waan godhuuf, ati isa jajjabeessi. \p \v 39 «Ijoolleen teessan ta isin: Hin booji'anti jettane, ta waan hantu'uu fi dansaa gargar baasanee hin beenne lafa sanitti hin galti; ani lafa san isaaniif hin kenna; isaanille hin qabatan. \v 40 Isin ammoo deebi'a'aatii, karaa gara abbaayaa diintu'uu geessuun gara goomole'ee deema'a» jedhe. \p \v 41 Achiin duuba isin deebittanee, «Nuuti Mootii Waan Maraa yakkineerra. Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu ajajetti ol baanee hin lolla» anaan jettane; lafa koobitti'itti ol bayanee loliis kasoo isinitti fakkaattee, tokko tokkoon keessan meya woraanaa hidhatane. \p \v 42 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Ani isin woliin waan hin jiraanneef, ‹Ol baatanee hin lolina'a. Diinoti keessan isin hin injifatan› jedhii isaanitti himi!» anaan jedhe. \v 43 Maarre ani isinitti himeera; isin ammoo hin caqanne. Isin ajaja Mootii Waan Maraa finqiltanee mormiisaan koora keessaniin gara biyya koobitti'ii ol duultane. \v 44 Worri Amoorotaa ka lafa koobittii san keessa le'anu gad bayanee isin lolanee akka tuuta kinniisaa isin ari'ane; Se'iirii haga Hormaatitti isin ari'anee ijjeesane. \v 45 Isinille deebitanee Mootii Waan Maraa duratti boottane; inni ammoo bowa teessan hin caqanne; gurra ifiille gara keessan hin deebifanne. \p \v 46 Tanaaf isin yennaa hedduu Qaadesh turtane. \c 2 \s1 Israa'el Goomolee Keessa Joonjite \p \v 1 Achiin duuba nuuti garagallee, akkuma Mootiin Waan Maraa na ajajetti, goomolee keessa karaa abbaayaa diintuu geessuun dhandhee, adaala biyya koobittii Se'iirii guyyaa hedduu joonjine. \p \v 2 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, \v 3 «Isin yennaa dheertuu adaala biyya koobitti'ii tana joonjitaneertan; amma gara kaabaa deebi'a'a. \v 4 Ati kolbaa tana ajajiitii, ‹Isin biyya obboleeyyan teessanii ta sanyiin Esaawuu keessa leetu, Se'iir keessa dabartan; isaan isin hin sodaatan; isin ammoo guddoo ifi eeggadha'a. \v 5 Ani biyya koobittii Se'iir qabeenna isaa godhee Esaawuuf kenneera. Biyya isaanii irraa ijjata tokkolle isiniif waan hin kenneef isin woraanaaf isaan hin kakkaasina'a. \v 6 Sagalee nyaattanuu fi bisaan untanuuf beesee isaaniif kaffala'a› jedhiin» jedhe. \p \v 7 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan hujii isin hujjanu maraan isin eebbiseera. Inni goomolee badhoo tana keessa yennaa ideentanu isin eegeera; woggoota afurtama tana Mootiin Waan Maraa Waaqi isin woliin waan jiruuf, isin waan tokkolle hin dhanne. \p \v 8 Maarre nuuti obboleeyyan teenna sanyiin Esaawuu ta biyya koobittii Se'iir keessa leetu keessa dabarree, karaa goomolee Arabaayii ta karaa qachaa Elaatii fi Eziyon-Geberii dhufu irraa gorree, karaa goomolee Mo'aabii ideenne. \v 9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ani qachaa Aarii worra Mo'aabii sanyii Looxiitiif qabeenna isaanii godhee isaaniif kenneera. Lafa isaanii irraa tokkolle isiniif waan hin kennineef, isaan hin rakkisina'a yookiin woraanaaf isaan hin kakkaasina'a» jedhe. \p \v 10 Worri Emiimii dur qachaa Aarii keessa le'aniiyyu; isaan kolbaa jajjadduu bindillaa, akka worra Aanaaqotaa hojjaa dhedheeratanu. \v 11 Isaan akkuma worra Aanaaqotaa, «Refaa'ota» jedhamanee waamaman; Mo'aaboti ammoo, «Emiimota» isaaniin jedhan. \v 12 Worri Hoorii dur biyya Se'iirii keessa le'aniiyyu; sanyiin Esaawuu ammoo achi keessaa ariitee isaan baache. Akkuma Israa'el lafa Mootiin Waan Maraa isi'ii kenne keessatti goote, sanyiin Esaawuu worra Hoorii ifi duraa ariitee addee isaaniititti qubatte. \p \v 13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Amma ka'a'aatii laga Zerediitiin gamatti bu'a'a» jedhe. Maarre nuutille laga Zerediitiin gamatti buune. \v 14 Nuuti Qaadesh-Barne'aa kaanee laga Zerediitiin gamatti haga buunutti, woggaa soddomii saddeetitti dabare. Yennaa san keessa akkuma Mootiin Waan Maraa marroo isaaniitiif kakate, loltooti dhaloota sanii marti addee quttumaa keessaa dhumatane. \v 15 Addee quttumaa san keessaa ijjumaa haga isaan balleessutti harki Mootii Waan Maraa isaanitti ka'e. \p \v 16 Worri loltootaa ka odduu kolba'aa sun marti yennaa dhumatane, \v 17 Mootiin Waan Maraa anaan, \v 18 «Isin adha karaa biyya Mo'aabiitiin qachaa Aarii keessa hin dabartan. \v 19 Ani duruu lafa san qabeenna isaanii godhee Amoonota sanyii Looxiitiif kenneera. Isin gara lafa Amoonotaa yennaa dhuttane, lafa sanyii Amoonii irraa tokkolle qabeenna akka godhattanu isiniif waan hin kennineef, isaan hin rakkisina'a yookiin woraanaaf isaan hin kakkaasina'a» jedhe. \p \v 20 Worri Refaa'otaa dur waan achi le'aneef, latti tun akka lafa Refaa'otaatitti laakkowante; worri Amoonotaa ammoo, «Zamzumoota» jedhanee isaan waaman. \v 21 Zamzumooti kolbaa jajjadduu bindillaa, akka worra Aanaaqotaa hojjaa dhedheerattu. Mootiin Waan Maraa ammoo worra Amoonotaa duraa isaan balleessee, Amoonoti isaan ari'anee addee isaaniititti qubatane. \v 22 Mootiin Waan Maraa yennaa worra Hoorii isaan duraa balleesse, sanyii Esaawuu ta biyya koobittii Se'iir keessa leetuufille akkasuma godhe; isaan worra Hoorii ari'anee baasanee, haga adhaatitti lafa isaanii keessa le'iisatti jiran. \v 23 Worri Kaftorii ka Kaftor irraa dhufe, worra Aawotaa ka olloota haga Gaaza'aa jiranu keessa le'anu balleessanee, lafa isaanii keessa qubatane. \s1 Mootiin Heshiboonii Sihoonii Injifatame \p \v 24 Ammalle Mootiin Waan Maraa, «Amma ka'a'aatii laga Aarnoniitiin gamatti bu'a'a. Kunoo, ani nama biyya Aamorii mootii Heshiboonii Sihoon, biyya isaalle harka keessanitti dabarsee kenneera. Isa lola'aatii, lafa isaa fudhatiisaaf jalqaba'a. \v 25 Ani guyyaa adhaa kanaan jalqabee gosi biyya adda addaa ta biyya lafaa gubbaa jirtu marti akka bararaxxee isin sodaattu hin godha. Isaan gurra keessan dhage'anee rommanee hin muddaman» jedhe. \p \v 26 Achiin duuba ani Muuseen goomolee Qedemootii keessaa mootii Heshiboonii Sihoonitti namoota ergee nageya itti dhaamee, \v 27 «Biyya teeti keessa dabarree akka deennu nuu eeyyami; nuuti karaa irraa middatti yookiin bita'atti hin gorru. \v 28 Sagalee nyaannuu fi bisaan unnu beese'een nutti gurgura'a. Miiluma calla'aan achi keessa akka dabarru, \v 29 akkuma sanyiin Esaawuu worri Se'iir keessa le'uu fi Mo'aaboti Aar keessa le'anu nu'uuf godhane, laga Yordaanosii gamatti buunee, gara lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nuu kennuu haga gallutti atille akkasuma nuu godhi» jedheen. \p \v 30 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ammoo, mootii Heshiboonii Sihoon akka amma godhe kana harka keessanitti dabarsee kenniisaaf, mataa isaa jabeessee akka inni hin ajajane waan godheef, inni biyya isaa keessa nu dabarsuu didate. \p \v 31 Mootiin Waan Maraa anaan, «Kunoo, ani Sihoonii mootichaa fi biyya isaa dabarsee isinii kennuu jalqabeera; amma lafa isaa qabadha'aatii teessan godhadha'a» jedhe. \v 32 Sihooniin mootichii fi loltooti isaa marti nu loliisaaf gara qachaa Yaahazii yennaa dhufane, \v 33 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna isa harka keennatti dabarsee waan kenneef, nuuti isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa mara ijjeenne. \v 34 Nuuti yennaa san qachaa isaa duudii qabannee, namoota qachaa san keessa jiranu dhiira, dubarti'ii fi ijoollee tokkolle adoo hin hamburin isaan ijjumaa balleessine. \v 35 Wonni nuuti fudhanne hori'ii fi waan qachaa san keessaa boojine qofa. \v 36 Qachaa Aro'erii ka qarqara dhooqa Aarnonii jiruu fi qachaa dhooqa san keessa jiruu jalqannee haga Giil'aadiititti qachaan dalleenni isaa ka dhaka'aa nutti jabaatee hafe tokkolle hin jiru. Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna isaan mara harka keennatti dabarsee kenne. \v 37 Te'uu malee akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu ajajetti gara lafa Amoonotaa yookiin qarqara lafa laga Yaaboqii yookiin adaala qachoota lafa koobittii keessaa mara itti hin dhikaanne. \c 3 \s1 Mootiin Baashaanii Oog Injifatame \r (Lak. 21:31-35) \p \v 1 Tanaan duuba karaa gara Baashaanii geessutti deebinee ol baane; mootiin Baashaanii Oog loltoota ifii mara woliin Edraayitti nu loliisaaf dhufe. \v 2 Mootiin Waan Maraa ammoo anaan, «Ani isa, loltoota isaa maraa fi lafa isaa dabarsee si'iif waan kennuuf, isa hin sodaatin. Mootii Amoorotaa Sihoon ka qachaa Heshiboonii keessa tee'ee bulchaa ture akkuma goote, Oogille akkasuma godhi» jedhe. \p \v 3 Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna mootii Baashaanii Oogii fi kolbaa isaa harka keennatti dabarsee kenne; nuutille nama tokkolle adoo hin hamburin isaan mara ijjeenne. \v 4 Yennuma san nuuti qachoota isaa mara qabanne; qachoota jaatama naannoo Argoobii duudii, ka mootummaa Oogii ta Baashaan keessa jirtu keessaa qachooti nuuti hin qabatin tokkolle hin jiru. \v 5 Qachooti kun marti dalleya dhaka'aa dhedheeraa, karraa fi danqaraa qabanuun marfamaneeran; ollaan gugurdaan hedduun dalleya dhaka'aa hin qannelle jiraayyu. \v 6 Akkuma mootii Heshiboonii Sihoon goone, isaan ijjumaa balleessine; dhiira, dubarti'ii fi ijoollee qachaa sanii ijjumaa balleessine. \v 7 Te'uu malee horii maraa fi waan qachoota isaanii keessaa saanne mara ifiif fudhanne. \p \v 8 Maarre yennaa san mootota Amoorotaa lamaan san irraa lafa laga Yordaanosiin gara aduun baatuu jirtu, laga Aarnoniitii haga gaara Hermoonii qabanne. \v 9 Worri Sidoonii gaara Hermooniitiin «Siiriyon» jedha; worri Amoorotaa «Seniir» jedha. \v 10 Nuuti qachoota gooroo irraa, lafa Giil'aadii mara, lafa Baashaanii mara haga Saalka'aa fi Edraayii, qachoota mootummaa Oogii ka Baashaan keessaa mara fudhanne. \v 11 Worra Refaa'otaa keessaa ka hafe Oogii mooticha Baashaanii qofa; taqeen isaa ta sibiilaa ti; dheerinni isi'ii meetira afur, badhinni meetira lama. Taqeen sun haga ammaatitti Raabaa qachaa biyya Amoonii keessa jirti. \s1 Gosoota Yordaanos Gara Aduun Baatutti Qubatte \p \v 12 Lafa qabanneen duuba qachaa Aro'erii ka laga Aarnonii bira jiruutiin jalqabee haga gamisa biyya koobittii Giil'aadii qachoota isaa woliin gosa Ruubeniitii fi gosa Gaadiitiif kenne. \v 13 Biyya Giil'aadii ta hatte, biyya Argoobii ta Oog bulche biyya Baashaanii mara gamisa gosa Minaase'eetiif kenne. Biyyi Baashaanii guutumatti biyya Refaa'otaa jedhamaa turte \v 14 Sanyiin Minaase'ee Yaa'iir biyya Argoobii ta haga meessaa worra Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa jirtu duudii fudhate. Inni ollooti sun maqaa isaatiin akka waamamanu godhe; tanaaf ollooti sun haga adhaatitti olloota Yaa'iirii jedhaman. \p \v 15 Ani Giil'aadi maakiiriif kennee, \v 16 gosa Ruubeniitii fi Gaadiitiif ammoo, lafa Giil'aadii irraa haga lafa laga qarqara laga Aarnonii kenneef; meessaan isaanii ka kibbaa wodhakkaa laga Aarnonii yoo te'u, gara kaabaatiin haga laga Yaaboqii meessaa Amoonotaa ti. \v 17 Karaa aduun seentuun haga laga Yordaanosii, laga Galiila'aa goodda kaabaa keessaa gara kibba Abbaayaa Sooddaatii fi gara gaara Phiisgaa aduun seentuutiin jalaatitti badhata. \p \v 18 Yennaa san ani «Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna lafa Yordaanos irraa ta gara aduun baatuu tana akka qabattanu isinii kenneera. Amma namoota lolanu keessan hidhachiisa'aatii, gosooti Israa'elii dhibiin lafa ifii haga qabatanu akka qarqaaranuuf laga Yordaanosiitiin gama isaaniin dura erga'a. \v 19 Te'uu malee, isin horii hedduu akka qaddanu waan beekuuf, haadhotiin manaa teessan, ijoolle'ee fi horiin keessan qachoota ani isiniif kenne keessa turanuu ti. \v 20 Tunille Mootiin Waan Maraa akkuma isiniif godhe, isaan lafa Yordaanos irraa gara aduun seentuu ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaaniif kennu san haga qabatanu. Saniin duuba tokko tokkoon keessa gara lafa ani isinii kenne sanii hin deebitan» jedhe. \p \v 21 Yennaa san ani Iyaasuu ajajee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan mootota lama Sihoonii fi Oog waan godhe ati iluma teetiin dhaggiteerta; Mootiin Waan Maraa mootummoota ati itti dhaqaartu mara irralle'etti akkasuma hin godha. \v 22 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ifumaaf waan isinii loluuf isaan hin sodaatin» jedhe. \s1 Muuseen Kana'aanitti Akka Hin Galle Dhooggame \p \v 23 Yennaa san ani jabeessee daadimadhee, \v 24 «Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Ati guddinnaa fi irree teeti jadduu ana tajaajilaa keetitti mudhisuu jalqaddeerta. Ol-gubba'aa fi lafa irratti waan ati gootuu fi hujii gugurdoo ati hujju ka hujuu dande'u waaqi dhibiin eennu inni? \v 25 Ani gamatti bu'ee, lafa dansaa laga Yordaanosiitiin gamaa biyya koobittii dansaa, gaara Libaanonille akka dhaggu naa eeyyam» jedhe. \p \v 26 Sababa keessaniif ammoo Mootiin Waan Maraa natti aaree, ana hin caqanne. Inni anaan, «Si geetti. Marroo waan kanaa deebitee natti hin dubbatin! \v 27 Qaccee gaara Phiisga'aatitti ol bayiitii gara aduun seentuu fi gara kaabaa, gara kibbaatii fi gara aduun baatu ilaali. Ati laga Yordaanosii gamatti waan hin buuneef, ila teeti qofaan ilaali. \v 28 Kolbaa sooressee gamatti buusee, lafa ati dhaggitu tana akka isaan dhaalanu ka godhu, Iyaasuu waan te'eef, isa ajajiitii jajjabeessi; akka inni jabaatu godhi» jedhe. \v 29 Maarre nuuti dhooqa Bet-phe'or bira jirtu keessa turre. \c 4 \s1 Muuseen Akka Israa'elooti Ajajantu Gorse \p \v 1 Achiin duuba Muuseen kolba'aan, «Ee kolbaa Israa'elii, jiraattanee lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii isiniif kennutti galtanee akka qabattanu seerataa fi seera ani amma isin barsiisu dhage'a'aatii eegadha'a. \v 2 Waan ani isin ajaje irratti hin dabalina'a; irralle'ee hin dhidhisina'a. Ajajoota Mootii Waan Maraa ka Waaqa keessanii ka ani isinii kennu eegadha'a. \v 3 Isin waan Mootiin Waan Maraa gaara Phe'orii irratti godhe iluma teessaniin dhaggitaneertan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan worra gaara phe'orii irratti Ba'aal waaqonfatu mara odduu teessanii balleesseera. \v 4 Isin worri Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofattane ammoo haga adhaa jiru'uun jirtan. \p \v 5 «Lafa itti galtanee qabatanutti, akka eegattanuuf, akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya na ajajetti, ani seerataa fi ajaja isin barsiiseera. \v 6 Isaan kana akka dansaa eegadha'a; worra seerata kana mara dhage'uu fi gosa biyya adda addaa ta, ‹Dhugumaan kolbaan guddoon tun kolbaa qaroole'ee fi hubantii qaddu› jedhanuuf, qarumma'aa fi hubantii teessan itti mudhisa. \p \v 7 «Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna yennaa nuuti isa daadimannu akkuma nu'uuf dhikoo jiru, kolbaan guddoon dhibiin ta waaqoti isi'ii dhikoo isi'ii jiru tam ree? \v 8 Akka seera adha ani isinii kenne kanaa, kolbaan guddoon dhibiin seerataa fi seera balchaa qaddu tam ree? \v 9 Waan ila teessaniin dhaggitane akka hin deene, bara jiruu teessanii mara gadhaa keessan keessaa akka hin bannelle ifi eegadha'a. Waan kana ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii barsiisa'a. \v 10 Yennaa inni anaan, ‹Bara lafa san irra le'anu mara ulfinna naaf kenniisa akka baratanu, ijoollee ifiille akka barsiisanu, jecha kiyya akka dhage'anuuf kolbaa na duratti wolitti qabi› jedhe, gaara Siina'aa\f + \fr 4:10 \fr*\fqa Gaara Siina'aa: \fqa*\fqa Gaarri kun dur Horeeb jedhama. \fqa*\f* irratti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dura guyyaa dhaabbatane qaabadha'a. \p \v 11 «Gaarri duumensa gurraachaa fi dukkana dimmaan gollamee, bobe'i ibiddaa ka haga gubba'aa gewu irratti bobe'iisatti adoo jiruu, isin dhuttanee gaara san jala dhaabbatane. \v 12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa bobe'a ibiddaa san keessaa isinitti dubbate. Isin qoonqoo jecha isaa dhageettane malee, akki isaa attam akka jiru hin dhaggine. Qoonqoo qofa dhageettane. \v 13 Inni gondooroo isin woliin gondoore, ajaja ifii kudhan ka akka isin eegattanuuf isin ajaje san lasse; achiin duuba dhakaa baxxicha lama irratti barreesse. \v 14 Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa dhaaltanu keessatti seerataa fi seera isin eegattanu akka ani isin barsiisu Mootiin Waan Maraa yennaa san na ajaje. \s1 Waaqota Dharaa Waaqonfatiis Dhooggame \p \v 15 «Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aatitti ibidda bobe'u keessaa yennaa isinitti dubbate, isin akki isaa attam akka jiru hin dhaggine; tanaaf isin miidhassa'aa ifi eegadha'a. \v 16 Akka hin battoonneef, waaqota dharaa akka fakkii dhiiraatiin yookiin dubarti'iitiin hin hujatina'a; \v 17 yookiin fakkii bineensota lafa irraatiin yookiin fakkii sinbirrootaatiin, \v 18 yookiin fakkii waan gadha'aan lafa irra lowuutiin yookiin fakkii qurxummii bisaan keessaatiin waaqota dharaa hin hujatina'a. \v 19 Gara gubba'aa ilaaltee aduu, ji'a fi urjoota waan gubba'aa mara yennaa dhaggite, sossobantee, isaanii sagaddee waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta lafa irraa maraaf kenne waaqonfattee hin ataabamin. \v 20 Mootiin Waan Maraa ammoo isin akka adhaa kana kolbaa isaa akka teetanuuf, biyya Gibxi'ii ta akka addee ibidda sibiila itti baqisiisanuu san keessaa isin baaseera. \v 21 Mootiin Waan Maraa sababa keessaniif natti aaree, akka ani laga Yordaanosii gamatti bu'ee, lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif kennutti hin galle kakate. \v 22 Ani lafa tana keessatti hin du'a; laga Yordaanosii gamatti hin bu'u; isin ammoo laga Yordaanosii gamatti buutanee, lafa dansaa san hin qabattan. \v 23 Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin godhe akka hin deene ifi eegadha'a; waaqota dharaa ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin dhoogge akka fakkii waan tokkootille'een hin hujatina'a. \v 24 Sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ibidda gubee balleessu, Waaqa hinaatticha. \p \v 25 «Isin ijoollee uumattanee, akaakota dhaggitanee lafa san keessa yennaa hedduu leetaneen duuba, akka fakkii waan fedheetiin waaqa dharaa hujiisaan ifi batteessitanee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti waan hantuu hujjanee, isa yoo aarsitane, \v 26 lafa isin laga Yordaanosii gamatti buutanee qabattanu keessaa, ariiti'iin akka baddanu, ani guyyaa adhaa ol-gubba'aa fi lafa waamee isin irratti dhugaa qabadha. Isin ijjumaa hin baddan malee, yennaa hedduu achi hin leetanu. \v 27 Mootiin Waan Maraa kolbaa hedduu keessa isin hin bittinneessa; gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa keessa isin bittinneessu keessa, isin keessaa nama diqqaa qofatti lubbu'uun hafa. \v 28 Isin achitti waaqota nami mukaa fi dhakaa irraa huje, ka dhaggiisa, dhage'iisa, nyaatiisaa fi foolee fuudhiisa hin dandeenne hin waaqonfattan. \v 29 Garuu achuma keessattuu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin yoo barbaadattane, isa hin dhaggitan. \v 30 Ati yennaa guddoo rakkattee wonni kun marti si dhaqqaddu, bara muumme'ee irratti gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii deebitee isaaf hin ajajanta. \v 31 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti mararaa waan te'eef, si hin lakkisu yookiin si hin balleessu yookiin gondooroo kaku'uun abbootii teeti woliin gondoorelle hin dedhu. \p \v 32 «Marroo waan bara durii, isin adoo hin dhalatiniin duraa, yennaa Waaqi lafa irratti nama dadeen jalqaba'aatii qoradha'a. Ol-gubbaa qacce'ee haga qacce'eetitti qorqora'a; wonni guddoon akkasii teeteertii yookiin dhage'antee beettii? \v 33 Akka isin Waaqi ibidda keessaa dubbatuun dhageettanee jiru'uun jiraattane, kolbaan dhibiin ibidda keessaa dubbatuun qoonqoo Waaqaa dhageettee jiru'uun jiraatte jirtii? \v 34 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan biyya Gibxi'ii keessatti ila teessan duratti waan mara akka isiniif godhe, waaqi haga ilaaliisaan, bilbaasaa fi maade'een, lolaan, hunna guddo'oo fi irree diriirsee yookiin hujii guddo'oo fi sodaachittu'uun kolbaa biyya tokkoo keessaa kolbaa takka fudhatee ta ifii ka godhate jiraa? \v 35 Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e, isa malee Waaqi dhibiin akka hin jirrelle akka beettanuuf waan kana isinitti mudhise. \v 36 Isin barsiisiisaaf inni ol-gubbaa irraa qoonqoo ifii isin dhageessise. Inni lafa irratti ibidda ifii guddaa isinitti mudhisee, ibidda keessaa jecha isaa dhageettane. \v 37 Inni abbootii teessan jaalatee isaaniin duuballe sanyii isaanii waan filateef, isin woliin jiraatiisaan jabeenna ifii gudda'aan biyya Gibxi'ii keessaa isin baase. \v 38 Lafa adha teessan teete tana gosa biyya adda addaa ta isin caalaa bacattu, hunnalle'een ta isin caaltu, lafa isaanii akka dhaaltanu isinii kenniisaaf, inni ari'ee isaan isin duraa baase. \v 39 Ol-gubba'aa fi lafa irratti Mootiin Waan Maraa Waaqi isa qofa akka te'e, isa malee ka dhibiin akka hin jirre adha beeka'aatii, gadhaa keessan keessatti qabadha'a. \v 40 Isiniif, isiniin duuballe ijoollee teessaniif akka toltu, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan bara baraaf isinii kennu keessa bara dheeraa akka leetanu, seerataa fi ajajoota adha ani isin ajaju eegadha'a» jedhe. \p \v 41 Achiin duuba Muuseen qachoota sad ka laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiranu adda baase; \v 42 kunille nami diinummaa adoo hin qabaatin danuu nama ijjeese tokko qachoota kana keessaa gara tokkochaa baqatee akka lubbu'uun hafu. \v 43 Qachooti kun: qachaa Bezerii ka gooroo goomole'ee keessaa gosa Ruubeniitiif, qachaa Raamootii ka biyya Giil'aadii keessaa gosa Gaadiitiif, qachaa Golaanii ka Baashaan keessaa gosa Minaase'eetiif adda baase. \s1 Seeraa Waaqaa Ka Muuseen Dhikeesse \p \v 44 Seerri Muuseen kolbaa Israa'eliitiif dhikeesse ka asii gad jiru: \v 45 Sunille qajeelfama, seerataa fi seera Muuseen yennaa Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa baate isaaniif kenne. \v 46 Inni laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu, fuullee Bet-Phe'orii dhooqa keessa biyya Sihoonii mootii Amoorotaa, ka Heshiboon keessa tee'ee bulchuu keessatti isaaniif kenne; Muuse'ee fi Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa yennaa bayane isa lolanee injifatane. \v 47 Isaan lafa isaa, lafa Oogii mootii Baashaaniitii ta mootota Amoorotaa lamaan tana ta Yordaanos irraa gara aduun baatu jirtu qabatane. \v 48 Latti sun qachaa Aro'erii irraa kaatee qarqara dhooqa Aarnoniitii haga gaara Siiyonii ka «Hermoon» jedhamuutitti, \v 49 lafa Arabaayii ta laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu mara haga Abbaayaa sooddaa, akkasuma goodda gaara Phiisga'aatiin jalaalle dabalatti. \c 5 \s1 Ajajoota Kudhan \r (Bay. 20:1-17) \p \v 1 Muuseen kolbaa Israa'elii mara wolitti waamee, «Kolbaa Israa'elii seerataa fi seera akka isin barattanu ani adha isinitti himu kana dhage'a'a. Miidhassa'aa eegadha'a. \v 2 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna gaara Siina'aa irratti nu woliin gondooroo gondooreera. \v 3 Inni abbootii teenna woliin adoo hin te'in, nu worra amma as jiru'uun jirru mara woliin gondooreera. \v 4 Mootiin Waan Maraa gaara gubba'atti fuula keessan duratti ibidda keessaa isinitti dubbate. \v 5 Yennaa san isin ibidda sodaattanee, gara gaaraa waan hin bayiniif, ani wodhakkaa teessanii fi Mootii Waan Maraa dhaabbadhee jecha isaa isiniif lallabe. \p «Mootiin Waan Maraa, \v 6 ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka lafa garbumma'aa, biyya Gibxi'ii keessaa si baase. \p \v 7 «‹Ana malee waaqota dhibii hin waaqonfatin. \p \v 8 «‹Waaqota dharaa fakkii waan ol-gubba'aatiin yookiin waan gad lafa irraatiin yookiin waan bisaan keessa lafa jala jiruutiin hin hujatin. \v 9 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa hinaatticha, cubbuu abbootii na jibbituutiif, ijoollee isaanii haga dhaloota sadii fi afurii waan adabuuf, ati waaqota dharaatiif hin sagadin; hin waaqonfatinille'e. \v 10 Worra na jaalatuu fi ajajoota kiyya eegatu kumootaaf jaalala kiyya ka bara baraa isaaniif hin mudhisa. \p \v 11 «‹Ani Mootiin Waan Maraa nama maqaa kiyya akkasumaan dhowu adabu malee waan hin lakkinneef, ati maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetii akkasumaan hin dhowin. \p \v 12 «‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma si ajaje, guyyaa Sanbataa woyyoonsii eegadhu. \v 13 Guyyaa jaa hujadhu; hujii teeti mara muummessi. \v 14 Guyyaan torbeesso'oo ammoo guyyaa ati ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf foorfattu. Guyyaa san ati, ilmi keeti yookiin intalti teeti, tajaajilaan keeti ka dhiiraa yookiin tajaajiltuun teeti ta dubarti'ii, qotiyyoon teeti yookiin harreen teeti yookiin horiin keeti marti yookiin ormi qachaa keeti keessa le'u hujii tokkolle hin hujina'a. Tajaajiltooti teetille akkuma keeti foorfatanuu ti. \v 15 Ati biyya Gibxi'iititti garba akka teete, ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hunna guddo'oo fi irree tiyya diriirsee achi keessaa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati guyyaa sanbataa ulfeessitee foorfattu si ajaje. \p \v 16 «‹Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iif kennu keessa bara dheeraa akka leetu, wonni ati gootu marti akka sii toltu, akkuma ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni. \p \v 17 «‹Hin ijjeesin. \p \v 18 «‹Hin gaarayyeeffatin. \p \v 19 «‹Hin hatin. \p \v 20 «‹Nama irratti dharaan dhugaa hin bayin. \p \v 21 «‹Niitii namaa hin kajeelin. Mana namaa, lafa namaa, tajaajilaa namaa, loon namaa, harree namaa yookiin karra namaa mara hin halchin› jedha. \p \v 22 «Ajajooti Mootiin Waan Maraa qoonqoo guddo'oon gaara Siina'aa gubba'atti ibidda, duumensaa fi dukkana dimma keessaa gumii teessan duudi'itti dubbate isaan kana; inni waan tokkolle itti hin daballe. Achiin duuba inni dhakaa baxxicha lama irratti barreessee natti kenne. \p \v 23 «Gaara irratti ibiddi bobe'uun, dukkana dimma keessaa qoonqoo yennaa dhageettane, sooreyyiin gosa teessaniitii fi jaarsoleen teessan marti gara kiyya dhuttanee, \v 24 ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna ulfinnaa fi guddinna ifii nutti mudhisee, ibidda keessaa qoonqoo isaa dhageenneerra. Waaqi yoo isatti dubbatelle, nami le'uu akka dande'u nuuti adha dhaggineerra. \v 25 Amma ammoo, ibiddi guddaan kun nu fixa; haganaa achi qoonqoo Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa yoo dhageenne hin duuna; nuuti maaf duuna ree? \v 26 Sanyii namaa keessaa eennutti Waaqi jiraataan ibidda keessaa dubbatuun dhage'ee, akka keenna le'uu dande'e jiraa ree? \v 27 Ati itti dhikaadhuutii waan Mootiin Waan Mara Waaqi keenna jedhu mara dhage'i. Achiin duuba waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna sitti himu mara nutti himi. Nuutille dhageennee hin ajajanna› jettane. \p \v 28 «Mootiin Waan Maraa yennaa isin natti dubbatane dhage'ee, anaan, ‹Waan kolbaan tun siin jette dhage'eera. Wonni isaan jedhane marti dansa'a. \v 29 Hay, isaanii fi ijoollee isaaniitiif, haga bara baraa akka toltu, na sodaatiisaaf ajaja kiyya mara akka eegatanu yennaa mara gadhaa akkasii adoo qabaatanee attam attam dansa'a! \v 30 Dhaqiitii gara dunkaanii ifii akka deebi'anu itti himi. \v 31 Ati ammoo as na bira turi; lafa akka isaan dhaalanuuf ani isaaniif kennu keessatti akka eegatanu akka isaan barsiittuuf ani ajaja, seerataa fi seera kiyya mara sitti hin kenna› jedhe. \p \v 32 «Maarre waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje mara eegadha'a; isa irraa gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorina'a. \v 33 Lafa dhaaltanu keessatti jiru'uun akka leetanu, akka isinii toltuu fi bara dheeraa akka leetanu karaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje mara deema'a» jedhe. \c 6 \s1 Ajaja Guddicha \p \v 1 Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa dhaaltanu keessatti akka eegattanu ajaji, seeratii fi seerri Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, akka ani isin barsiisuuf na ajaje kana. \v 2 Kunille isin bara jiruu teessanii seerata isaatii fi ajaja isaa mara ka ani isin, ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii ajaju eegatiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka sodaatanuuf barri keessanille akka isinii dheeratuuf ka kennamane. \v 3 Ee, Israa'elii, akka sii toltuuf, akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teetii waadaa sii gale lafa aananii fi dammaa keessatti akka hortee bacattu ifi eegadhuutii ajajami. \p \v 4 Ee, Israa'el dhage'i! Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna Waaqa tokkocha. \v 5 Mootii Waan Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'ii fi hunna teeti maraan jaaladhu. \v 6 Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin. \v 7 Ajajoota kana irra deddeebi'iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu. \v 8 Beessisa akka sii te'uuf harka keeti irratti hidhadhu; adda keeti irralle'etti hidhadhu. \v 9 Mikikkila balbala mana keetiitii fi seensuma karra teetii irratti barreessi. \s1 Ifi Eeggachiisa Ajajama Dhabaaf Kenname \p \v 10 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti abbootii teeti ta durii Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif akkuma waadaa galetti, lafa qachoota gugurdaa ati hin ijaarin mimmidhaagaa qaddutti yennaa si galchu, \v 11 mama meya dadansa'aan guutame ka ati itti hin guutin, boolla bisaanii ta ati hin qotin yennaa dhaggattu, woyni'ii fi muka ejersaa ka hin dhaabin nyaattee yennaa quuttu, \v 12 Mootii Waan Maraa ka garbummaa biyya Gibxi'ii keessaa si baase akka hin deene ifi eegadhu. \v 13 Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaadhu; isa qofa tajaajili; kakuun teeti maqaa isaatiin teetuu ti. \v 14 Waaqota dhibii ka gosa adda addaa hin waaqonfatin. \v 15 Mootiin Waan Maraa ka isin woliin jiru Waaqa hinaatticha waan te'eef, aariin isaa siirratti bobeettee, lafa irraa si hin balleessa. \p \v 16 Addee «Maasaa» jedhantutti akkuma gootane, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan haga hin ilaalina'a. \v 17 Ajaja, seerataa fi seera Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje miidhassa'aa eegadha'a. \v 18 Akka sii toltu, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teeti ta duriitiif kenniisaaf kaku'uun waadaa gale akka dhaaltuuf, Mootii Waan Maraa duratti waan qajeelaa te'ee fi waan dansaa te'e huji. \v 19 Akka Mootiin Waan Maraa jedhe diinota keeti ifi duraa hin ariita. \p \v 20 Gara duraa yennaa ilmi keeti, «Hiikkaan qajeelfama, seerataa fi seera Mootiin Waan Maraa Waaqi kenna si ajajee maan?» jedhee yoo si gaafate, \v 21 ati ilma keetiin, «Dur nuuti garboolee mooticha Gibxi'ii ti; Mootiin Waan Maraa ammoo hunna ifii guddo'oon biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. \v 22 Ila teennaan adoo nu dhagginuu Mootiin Waan Maraa bilbaasota, maadee gugurdo'oo fi waan nama bararassu worra Gibxi'ii irratti, mooticha biyya Gibxi'iitii fi maatii isaa irratti hujeera. \v 23 Inni ammoo achii nu baasee lafa abbootii teennaa kenniisaaf kaku'uu waadaa gale, nuu kenniisaaf as nu fide. \v 24 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna yennaa mara akka nuu toltuuf, akkuma adhaa kana jiru'uun akka nu eeguuf, nuutille akka isa sodaannuuf, seerata isaa kana akka eeganu, Mootiin Waan Maraa nu ajaje. \v 25 Nuutille akkuma inni nu ajaje Mootii Waan Maraa Waaqa keenna duratti ajaja isaa kana mara yoo eeganne balchummaa nuu teeti» hin jetta. \c 7 \s1 Kolbaa Waaqaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati dhaaliisaaf itti galtutti yennaa si fide, lafa san keessaa gosa biyya adda addaa hedduu ta isin caalaa bacattuu fi hunna qaddu torba Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kana'aanota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota si duraa hin ari'a. \v 2 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti kolbaa tana mara harka keetitti dabarsee yennaa kenne, atille yennaa isaan injifatte, isaan mara balleessuu qadda. Isaan woliin wolii galtee hin godhin; isaaniifille hin mararin. \v 3 Isaan woliin hin soddoomin; durri teeti ilmaan isaanii hin heerumsiisin yookiin ilmaan teeti durra isaanii hin fuusisin. \v 4 Sababille isaan ijoollee teeti ana Mootii Waan Maraa irraa deebisanee, akka isaan waaqota dhibii waaqonfatanu hin godhan; aariin ana Mootiin Waan Maraalle si irratti bobeettee, ariiti'iin si hin balleessiti. \v 5 Tanaaf ati addee ciinca'aa ta isaanii diigi; soodduu woyyittii isaanii caccassi; utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantu ta isaanii jissi; waaqota dharaa ka isaaniille ibiddaan gubi. \v 6 Sababille ati kolbaa woyyittii Mootii Waan Maraa Waaqa keetii ti. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti kolbaa biyya lafaa mara keessaa qabeenna isaa ka addaa akka teetuuf si filateera. \p \v 7 Mootiin Waan Maraa waan isin gosa dhibii caalaa guddoo bacattaneef jaalatee isin hin filane; isin gosa dhibii caalaa guddoo diqqaattan. \v 8 Mootiin Waan Maraa ammoo waan si jaalateef, waadaa abbootii teetiif gale eeguu waan barbaadeef, hunna ifii guddo'oon lafa garbumma'aa keessaa harka Fara'oonii mooticha Gibxi'ii jalaa si wode. \v 9 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa akka te'e beeki; inni Waaqa addatama'a; worra isa jaalatuu fi ajaja isaa eegatanuuf haga dhaloota kumaatitti gondooro'oo fi jaalala ifii ka bara baraa hin eega. \v 10 Worra isa jibbu ammoo balleessiisaan adoo isaan dhagganuu haluu hin baya; worra isa jibbu adoo isaan dhagganuu haluu bayiisaaf hin turu. \v 11 Tanaaf ajaja, seerataa fi seera ani adha si ajaje midhassii eegi. \s1 Eebba Ajajamiisa Irraa Dhufu \r (Kes. 28:1-14) \p \v 12 Ajajoota kana caqattee miidhassitee yoo eedde, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma abbootii teetiif kakate, gondooro'oo fi jaalala ifii ka bara baraa si'iif hin eega. \v 13 Inni si jaalata, si eebbisa, laakkossaan keeti hin baceessa; inni lafa sii kenniisaaf abbootii teetiif waadaa gale keessatti ijoollee teeti, oorruu lafa teetiitii fi midhaan fichaa keetii, woyni'ii fi zayitii ejersaa teeti haareya, jabbilee loon keetii, ilmoolee hoole'ee fi re'ee teetii hin eebbisa. \v 14 Ati kolbaa dhibii caalaa hin eebbifanta; nama keeti keessaa dhiirtii fi dubartiille finna hin dhabanu; horii keeti keessalle'ee ka maseenu hin jiraatu. \v 15 Mootiin Waan Maraa dhukkuba mara irraa si eega; inni dhukkuba guddoo sodaachisu ka ati biyya Gibxi'ii keessatti beettu, worra si jibbu irratti fida malee si irratti hin fidu. \v 16 Kolbaa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti harka keetitti dabarsee kennu mara balleessi malee, isaaniif hin mararin. Isaan tiyyoo waan sitti te'anuuf, waaqota isaanii hin waaqonfatin. \p \v 17 Ati, «Kolbaan biyya adda addaa tun nu caalaa jajjaddu'u; nuuti attam dandeennee ariinee isaan baanna» jettee yaadda fa'a. \v 18 Isaan hin sodaatin. Waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti mooticha biyya Gibxi'iitii fi worra Gibxi'ii mara irratti godhe midhassii qaabadhu. \v 19 Balaa gugurdaa bilbaasota, maadee, hunna guddo'oo fi irree diriirsee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si baase ila teetiin dhaggiteerta. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, kolbaa biyya adda addaa ati amma sodaattu tana mara akkasuma hin godha. \v 20 Kana irralle'etti worri hafee si duraa dhokate, haga balleeffamanutti Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, sardama\f + \fr 7:20 \fr*\fqa Sardama: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Soonsa \ft*\ft jedha\ft*\f* isaanitti hin erga. \v 21 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, Waaqi guddaan sodaachisaan waan si woliin jiruuf, isaan si hin rifachiisin. \v 22 Mootiin Waan Maraa kolbaa biyya adda addaa tana diqquma diqqo'oon si duraa ari'ee hin baasa. Bineensi akka sitti hin bacanne, mara isaanii yennuma takka'aan hin balleessin. \v 23 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, diinota keeti harka keetitti dabarsee kennee, haga isaan badanutti waan godhanu isaan hin wollaalchisa. \v 24 Inni mootota isaanii harka keetitti dabarsee hin kenna. Ati maqaa isaanii lafa irraa hin balleessita. Eennulle si dura dhaabbatuu hin dande'u; ati isaan mara hin balleessita. \v 25 Waaqota isaanii ka dharaa ibiddaan gubi. Meetii yookiin worqii irratti maxxanfanteertu halchitee hin fudhatin yookiin isiin Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ta diqachiittu waan teeteef, gufuu sitti teeti. \v 26 Waaqota dharaa diqachiisaa kana gara mana keetii yookiin gara keeti hin fidin; yoo fidde atille akkuma isaanii hin badda. Isaan badi'iif waan adda bayaneeranuuf, ijjumaa diqadhu. \c 8 \s1 Waaqa Hin Dedhin \p \v 1 Akka Jiraattanuuf, akka bacattanuuf, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessanii kenniisaaf kaku'uun waadaa galetti galtanee akka dhaaltanuuf, ifi eegadha'aatii ajaja ani adha isin ajaje mara eegadha'a. \v 2 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, akka ati gad jettuuf, gadhaa keeti keessa waan jiru, ajaja isaa akka ati eegattu yookiin hin eeganne beekiisaaf, haga si ilaaliisaaf jedhee, karaa inni goomolee keessa woggaa afurtama si sooresse qaabadhu. \v 3 Inni nami jecha afaan Mootii Waan Maraa keessaa bawuun malee, sagalee qofaan le'uu akka hin dandeenne si barsiisiisaaf, inni si beelessee gad si qabe; achiin duuba mannaa abbootiin teetii fi atille hin beenne si nyaachise. \v 4 Woggaa afurtama tana duudii keessatti woyaan teeti hin dhumanne; miilli keetille hin iitonne. \v 5 Nami ijoollee ifii akkuma adabu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keetille akka si adabu gadhaa keeti keessatti beeki. \v 6 Karaa isaa irra deemiisaan, isa sodaatiisalle'een, ajajoota Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii mara eegadhu. \v 7 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, lafa dansaa ta bisaan yaa'uu fi baleessa bisaanii qaddu, ta maddi dhooqaa keessaa fi kooba keessa yaa'utti si hin galcha. \v 8 Latti sun lafa qamadi'i, lafa garbu'u, lafa muka woyni'ii, lafa muka harru'uu, lafa muka rumaanii, lafa muka ejersaatii fi lafa dammaa ti. \v 9 Latti sun ta sagaleen keessaa hin dhabanne, ta ati womaa keessaa hin dhanne, ta rassaan isi'ii sibiilaa, ta koobota isi'ii keessalle sibiila diimaa qottee baafattu. \v 10 Nyaattee yennaa quutte, lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kenne saniif isa leellifadhu. \s1 Ifi Eeggachiisa Waaqa Akka Hin Deeneef Kenname \p \v 11 Ajaja, seerataa fi seera ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti adha sii kennu eeguu dhabiisaan akka hin deene ifi eegadhu. \v 12 Yoo akkas hin te'in, yennaa nyaattee quuttu, yennaa manoota dadansaa ijaarattee keessa leetu, \v 13 horiin keetii fi hoole'ee fi re'een teeti yennaa sii horanu, meetiin, worqi'ii fi wonni ati qaddu martille yennaa sii bacattu, \v 14 koortee Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa si baase hin deeta. \v 15 Inni goomolee badhoo sodaachittuu keessa, lafa godduu bisaan hin qanne, goomolee dhudhuufa'aa fi makki\f + \fr 8:15 \fr*\fqa Makki: \fqa*\ft Gosa qaajjibbuu goomolee keessaa ta eegee irraa hadhaa qaddu.\ft*\f* keessa guutane san keessa si sooresse; rassaa jabaa keessaalle'ee bisaan sii baase. \v 16 Dhuma irratti wonni dansaan akka sii teetu, akka ati gad jettu haga si ilaaliisaaf, goomolee keessatti, mannaa abbootiin teeti ijjumaa nyaatanee hin beenne si nyaachise. \v 17 Ati, «Hunnaa fi jabeenna kiyyaan karra tana horadhe» hin jetta fa'a. \v 18 Ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma adha godhe kana gondooroo ifii ta abbootii teeti ta duriitiif kaku'uun gondoore jabeessiisaaf, akka ati karra tana horattu dandeettii waan sii kennuuf, isa qaabadhu. \v 19 Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keeti deetee, waaqota dhibii hordottee yoo waaqonfatte, isaaniifille yoo sagadde, dhugumaan akka isin baddanu ani adha dhugaa isin irratti hin baya. \v 20 Akkuma gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa isin duraa balleessee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif waan hin ajajaminiif, isinille hin baddan. \c 9 \s1 Kolbaan Israa'elii Ajajamuu Didde \p \v 1 Ee Israa'el! Dhage'i. Ati adha qachoota gugurdaa dalleenni isaanii ka dhaka'aa haga gubba'aa ol dheeratu, gosa biyya adda addaa ta si caalaa bacattuu fi si caalaa hunna qaddu irraa fudhatiisaaf laga Yordaanosii gamatti hin buuta. \v 2 Kolbaan Aanaaqotaa kolbaa jajjadduu dhedheertu'u. Ati marroo isaanii hin beetta; «Aanaaqota eentu ifi irraa dhooggatiisa dande'a» jedhanuun dhageetteerta. \v 3 Te'uu malee akka ibidda gubuu si'iin dura ka gamatti bu'u Mootii Waan Maraa Waaqa keeti akka te'e adha beeki. Inni isaan hin balleessa; fuula keeti duratti isaan hin injifata. Ati Akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa sii galetti ariitee isaan hin baatta; ariitiille'een isaan hin fixxa. \p \v 4 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaan si duraa ari'ee baaseen duuba, «Balchummaa tiyyaan akka ani lafa tana qabadhuuf, Mootiin Waan Maraa as na fide» jettee hin yaadatin. Balchummaa teetiinii moti; isaan hamoolee waan te'aneef, inni si duraa ari'ee isaan baase. \v 5 Ati lafa isaaniititti galtee wonni dhaaltuuf, balchummaa teetii fi qajeelummaa teetiin adoo hin te'in, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti abbootii teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobiif waan kakate muummessiisaaf, gosa biyya adda addaa tana marroo hammeenna isaaniitiif si duraa ari'ee baasa. \v 6 Ati waan mataa jabaattuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa dansaa tana ka sii kennuuf, balchummaa teetiif akka hin te'in beeki. \p \v 7 Goomolee keessatti Mootii Waan Maraa Waaqa keeti attam akka aarsite qaabadhu; ijjumaa hin dedhin. Guyyaa biyya Gibxi'iitii baatee jalqaddee, haga guyyaa as geettuutitti Mootii Waan Maraa irratti finqila kaatteerta. \v 8 Gaara Siina'aa irratti, haga isin balleessiisaaf ka'utti Mootii Waan Maraa guddoo mufachiittane. \v 9 Ani dhakaa baxxicha lama, dhakaa baxxicha lama ka gondooroo Mootiin Waan Maraa isin woliin gondooree fuudhiisaaf gara gaaraa yennaa ol baye, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gaara san irra ture; sagalee hin nyaanne; bisaanille hin unne. \v 10 Mootiin Waan Maraa dhakaa baxxicha lama ka seerri kudhan quba Waaqaatiin irratti barreeffameeru natti kenne. Guyyaa wolde'aa, ajaji Mootiin Waan Maraa gaara irraa, ibidda keessaa isinitti dubbate marti irra jiraayyu. \v 11 Mootiin Waan Maraa dhuma guyyaa afurtamaatii fi halkan afurtamaa sanitti, dhakaa baxxicha gondooro'oo san natti kenne. \p \v 12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kolbaan ati biyya Gibxi'ii keessaa baatte waan battootteef, ariifadhuutii gaara kana irraa gad bu'i. Isaan yoosuma waan ani isaan ajaje irraa goranee, waaqota dharaa sibiila irraa baqisiisanee hujataneeran» jedhe. \p \v 13 Ammalle Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kolbaan tun kolbaa mataa jabaattu akka teete ani dhugumaan dhaggeera. \v 14 Akka ani isaan balleessee maqaa isaanii lafa irraa haxowu na lakkisi; ani isaan caalaa gosa jadduu bacaa si hin godha» jedhe. \p \v 15 Maarre ani ibiddi gaara irraa adoo bobe'uu, dhakaa baxxicha gondooro'oo lamaan san harka kiyya lamaanitti qabadhee deebi'ee gaara irraa gad bu'e. \v 16 Ani yennaa ilaale, isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan irratti cubbuu hujjaneertanuun dhagge; isin waaqa dharaa fakkii jabbi'iitiin baqisiittanee hujattane. Karaa Mootiin Waan Maraa isin ajaje irraa ariifattanee gortane. \v 17 Tanaaf ani dhakaa baxxicha lamaan san harka kiyya irraa qolaansee isin duratti caccasse. \v 18 Achiin duuba ammalle, isin ila Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu isa aarsu hujiisaan, cubbuu hujjane maraaf, ani sagalee adoo hin nyaatin, bisaanille adoo hin unin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama fuula isaa duratti gombifame. \v 19 Mootiin Waan Maraa aaree isin balleessiisaaf waan ka'eef, ani aari'ii fi mufii isaa sodaadhe. Mootiin Waan Maraa ammoo ammalle naaf dhage'e. \v 20 Mootiin Waan Maraa Aaron balleessiisaaf itti aare; ani yennaa san Aaroniif daadimadhe. \v 21 Ani hujii cubbittii teessan, waaqa dharaa fakkii jabbi'iitiin hujjane sanille fuudhee ibiddaan gube. Achiin duuba fakkii san butuchee daakee bulleessee bukuu san bisaan gaara irraa gad bu'utti naqe. \p \v 22 Isin Tabeera'atti, Maasa'aa fi Qibrot-Hatawaalle'etti Mootii Waan Maraa aarsitane. \v 23 Mootiin Waan Maraa Qaadesh-Barne'aa yennaa isin baase, inni, «Dhaqa'aatii lafa ani isiniif kennu qabadha'a» jedhe. Isin ammoo ajaja isaa irratti finqila kaattane malee, isatti hin addanne yookiin isaaf hin ajajanne. \v 24 Yennaa ani isin beekeen jalqaddanee, isin Mootii Waan Maraa irratti finqiluma kaasiisatti jirtan. \p \v 25 Mootiin Waan Maraa, «Isin balleessa» waan jedheeruuf, ani fuula Mootii Waan Maraa duratti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gombifame. \v 26 Ani gara Mootii Waan Maraa daadimadhee, «Ee Gootta'a, Mootii Waan Maraa, qabeenna keeti ka te'ane, kolbaa teeti ta hunna teeti guddo'oo fi irree teeti jaddu'uun wodattee biyya Gibxi'ii keessaa baatte hin balleessin. \v 27 Tajaajiltoota teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob qaabadhu. Mataa-jabeenna, hammeennaa fi cubbuu kolbaa tanaa hin ilaalin. \v 28 Yoo akkas hin te'in, worri Gibxi'ii nu'uun: Mootiin Waan Maraa lafa isaanii waadaa galetti isaan galchuu waan dadhabeef, inni waan isaan jibbeef goomolee keessatti isaan ijjeesiisaaf isaan baase hin jedhan. \v 29 Isaan ammoo qabeenna keeti ka te'ane, kolbaa teeti ta ati hunna teeti guddo'oo fi irree teeti diriirsitee biyya Gibxi'ii keessaa baatte» jedhe. \c 10 \s1 Muuseen Lammeessoo Ajaja Kudhan Fuudhe \r (Bay. 34:1-10) \p \v 1 Yennaa san Mootiin Waan Maraa, anaan, «Dhakaa baxxicha lama kama qaraa kaan fakkeessii bociitii, gaara irratti gara kiyya koy; saanduqa mukaalle huji. \v 2 Anille dhakaa baxxicha lamaan san irratti jechoota dhakaa baxxicha lamaan qaraa, ka ati caccassite irra jiru kaan, deebisee hin barreessa. Achiin duuba ati dhakaa baxxicha ani irratti barreesse lamaan san saanduqa keessa hin keetta» jedhe. \p \v 3 Maarre ani muka gololchaa irraa Saanduqa huje; dhakoota baxxicha lama kama qaraa kaan ka fakkaatu bocee, harkatti qabadhee gara gaaraa ol baye. \v 4 Mootiin Waan Maraa, akkuma barreeffama qaraa san ajajoota kudhan ka inni gaafa wolde'aa san gaara irratti ibidda keessaa isinitti dubbate san dhakoota baxxicha lamaan kana irratti barreesse. Achiin duuba dhakoota baxxicha lamaan san natti kenne. \v 5 Achiin duuba anille deebi'ee gaara irraa gad bu'ee, dhakoota baxxicha lamaan san akkuma Mootiin Waan Maraa na ajaje saanduqa huje san keessa keye; isaan ammalle achuma keessa jiran. \p \v 6 Israa'elooti boollota bisaan kolbaa Yaa'aakaanii biraa ka'anee, gara Moserootii deemane. Achitti Aaron du'ee awwaalame; ilmi isaa Ele'azaar addee isaatitti hayyuu te'e. \v 7 Isaan achii ka'anee gara lafa, «Gudgodaa» jedhantuu deemane; achille'ee ka'anee gara lafa bisaan yaa'u qadduu gara lafa, «Yoxbaataa» jedhantuu deemane. \v 8 Yennaa san Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa akka ba'attu, isa tajaajiliisaaf Mootii Waan Maraa dura akka dhaabbattu, maqaa isaatiin akka eebbittu, Mootiin Waan Maraa gosa Lewwi'ii adda baase. Haga adhaalle tajaajilli gosa Lewwi'ii kanuma. \v 9 Tanaaf gosi Lewwi'ii obboleeyyan ifii woliin qooda yookiin lafa dhadde; akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaanitti dubbate, Mootiin Waan Maraa dhaala isaanii ti. \p \v 10 Ani akkuma yennaa qaraa godhe, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gaara irra ture. Mootiin Waan Maraa yennaa tanalle naa dhage'e. Inni isin balleessiisa hin feene. \v 11 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Akka isaan lafa ani abbootii isaaniitii kenniisaaf kakadhetti galanee dhaalanu, ka'iitii kolbaa tana sooressi» anaan jedhe. \s1 Waaqa Sodaadhu \p \v 12 Ammalle, ee Israa'el, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa, karaa isaa mara irra deemiisa, isa jaalatiisa, gadhaa keeti tokkochaa fi lubbuu teeti takkatti'iin isa tajaajiliisa malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maan si irraa barbaada? \v 13 Wonni dansaan akka sii teetuuf, ajajaa fi seerata Mootii Waan Maraa ka ani adha sii kennulle akka eegatu malee maan si irraa barbaada? \v 14 Ol-gubbaan, ol-gubbaan ol-gubbootaatuu, lattii fi wonni isii irraa marti ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii ti. \v 15 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa abbootii teetitti gammadee, isaan jaalatee, adhalle gosa biyya adda addaa mara keessaa si sanyii isaanii filateera. \v 16 Tanaaf, isa tajaajiliisaaf qalbii teessan haqanqabaa qabadha'a; haganaa achi mata-jabeeyyii hin te'ina'a. \v 17 Sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, Waaqa waaqotaa, Goottaa goottotaa, Waaqa guddaa, hunnaamessa sodaatame, ka golii hin hunye, safuulle ka hin fudhanne. \v 18 Inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef, haadhotii hiyyeessaatiifille haqa mura. Inni alagaalle hin jaalata; sagale'ee fi woyaalle isaaf hin kenna. \v 19 Isinuu biyya Gibxi'ii keessatti alagaa teetanee waan beettanuuf, worra alagaa te'eeru jaaladha'a. \v 20 Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaadhuu, isa tajaajili. Isatti maxxaniitii, maqaa isaatiin kakadhu. \v 21 Inni ka ati leellifattu; Waaqa keeti ka adoo ati ila teetiin dhaggituu waan gugurdo'oo fi maade'ee ta sodaachittu ka si'iif godhe. \v 22 Abbootiin teeti nama torbaatama te'anee gara biyya Gibxi'iitti gad bu'ane. Amma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka urjii gubba'aa si baceesseera. \c 11 \s1 Bu'aa Ajajamiisaa \p \v 1 Mootii Waan Maraa Waaqa keeti jaaladhu; waan inni si irraa barbaadu seerata, seeraa fi ajajoota isaa yennaa mara eegadhu. \v 2 Adabbii Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii: Guddinna isaa, hunna jadduu isaa, irree isaa ta inni diriirse, dhaggitee ta beette ijoollee teessan adoo hin te'in, isin akka teetane adha qaabadha'a; \v 3 bilbaasotaa fi waan inni biyya Gibxi'ii keessatti mooticha Gibxi'iitii fi biyya isaa duudii irratti godhe, \v 4 yennaa isaan isin ari'iisatti jiranu, loltoota worra Gibxi'ii, fardoo isaaniitii fi garreettaa isaanii ka fardaan harkifamu waan inni godhe, attam akka inni bisaan abbaayaa Diintu'uu isaanirra garagalche, Mootiin Waan Maraa attam akka isaan balleesse, sababa saniif haga adhaa akka isaan farrane qaabadha'a. \v 5 Haga isin as geettanutti, waan inni goomolee keessatti isinii godhe ka dhagge, ijoollee teessanii moti. \v 6 Gosa Ruubenii keessaa ilmaan Eliiyaabii Daataanii fi Abiiramii waan inni godhe, Israa'eloota wodhakka'atti, latti afaan ifii banattee, maatii isaanii, dunkaanii isaaniitii fi horii isaanii akka liqinsite isaan hin dhaggine. \v 7 Ilti teessan ammoo waan gugurdoo Mootiin Waan Maraa godhe dhaggiteerti. \p \v 8 Maarre laga Yordaanosii gamatti buutanee, lafa dhaaltanutti galiisaaf, qabatiisaafille jabeenna akka qabaattanu, ajajoota ani adha isinii kennu kana mara eegadha'a. \v 9 Yoos, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessan ta duriitii fi sanyii isaaniitiif kenniisaaf kakate, lafa aananii fi dammaa san keessa bara dheeraa hin leetan. \v 10 Latti ati itti galtee qabattu, akka lafa Gibxi'ii ta ati keessaa baatee dhuttee, ta yennaa midhaan itti facaafattu, akka addee oorru'uu, miilaan deddeebitee, bisaan obaafattuu moti. \v 11 Latti isin laga Yordaanosii gamatti buutanee qabattanu ammoo, lafa gaaraa fi dhooqa qaddu ta ol-gubbaa irraa roobi itti roobu. \v 12 Lafa tana ka kunuunsu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ilti Mootii Waan Maraa ta Waaqa keetii jalqaba wogga'aatii haga dhuma wogga'aatitti yennaa mara isii toowatti. \p \v 13 Maarre ati ajajoota ani adha sii kennu kana addatamumma'aa yoo eegatte, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti jaalattee, gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin yoo isa tajaajilte, \v 14 akka ati midhaan keeti, woynii teetii fi zayitii ejersaa teeti galfattu, inni lafa teeti irratti yennaa yennaa isaatitti rooba gannaatii fi hageyyaa hin roobisiisa. \v 15 Inni horii keetiif diida keessatti marra hin kenna; atille waan nyaattee quuttu hin qabaatta. \v 16 Ifi sossoddee yookiin duubatti deebitee waaqota dhibii akka hin waaqonfannee fi akka isaaniif hin saganne ifi eegadhu. \v 17 Yoo tana gootane, Mootiin Waan Maraa isinitti aaree, ol-gubbaa cufee bokkeenni akka hin buunee fi latti midhaan akka hin kennine hin godha. Isinille lafa dansaa Mootiin Waan Maraa isinii kennu irraa yoosuma hin baddan. \p \v 18 Jechoota kiyya kana gadhaa keessanii fi qalbii teessan keessatti qabadha'a; qaabbii akka isinii teetu harka keessan irratti hidhadha'a; adda keessan irralle'etti keyadha'a. \v 19 Ijoollee teessanille barsiisa'a. Yennaa mana teettanu, yennaa karaa deentanu, yennaa irkattanu, yennaa kaatanulle marroo jechoota kanaa haasowa'a. \v 20 Mikikkila balbala mana keessaniitii fi karra dalleya keessanii irratti barreessa'a. \v 21 Yoo tana gootane, barri keessanii fi barri ijoollee teessanii lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessanii kenniisaaf kakate keessatti akka bara ol-gubbaa lafaan gubba'aa hin dheerata. \p \v 22 Ajajoota ani isinii kennu kana akka dansaa yoo eegattane, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan yoo jaalattane, karaa isaa mara irra yoo deentane, isatti yoo maxxantane, \v 23 Mootiin Waan Mara gosa biyya adda addaa tana mara isin duraa ari'ee baasee, isinille gosa biyya adda addaa ta isin caalaa bacattuu fi hunna qaddu akka isaan lafa san irraa ka'anu hin gootan. \v 24 Addeen miilli keessan ijjatu marti teessan hin teeti: Meessaan lafa teessanii goomolee irraa ka'ee haga Libaanoniititti, akkasuma laga Efraaxiisii irraa ka'ee haga abbaayaa Mediteraaniya'aatitti hin badhata. \v 25 Nami isin dura dubbatiisa dande'u hin jiru. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akkuma waadaa isinii galetti, addee isin dhaxxanu duudi'itti akka isin sodaatanee bararaqanu hin godha. \p \v 26 Kunoo, ani adha eebbaa fi abaarsa isin dura keya. \v 27 Ajajoota Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii ka ani adha isinii kennu mara yoo eegattane, hin eebbifantan. \v 28 Ajajoota Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii yoo eegatuu diddane, karaa isaa ka ani adha isin ajaju kana irralle'ee yoo gortane, waaqota dhibii worra dur hin beenne yoo waaqonfattane, hin abaarantan. \v 29 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati itti galtee dhaaltutti yennaa si galche, gaara Geriiziimii irraa eebba, gaara Ebaalii irraa abaarsa hin lalladda. \v 30 Gaaroti kun Yordaanosiin gama, lafa Kana'aanota Arabaayi keessa le'anu keessa, karaa gara aduun seentu jiru, gara seensa adu'uutiin, fuullee qachaa Giilgalii, qilxaa Mooree biratti dhaggamanii motii ree? \v 31 Isin lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti galtanee fudhatiisaaf, laga Yordaanosii gamatti marroo buutanuuf, yennaa isii fudhattanee keessa leetanu, \v 32 seerataa fi seera ani adha isinii kennu mara muummessiisaaf ifi eegadha'a. \c 12 \s1 Addee Waaqonfanna'aa Takkattii \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii, lafa akka qabattanu isinii kennu keessa bara leetanu mara, seerataa fi seerri isin ifi eegatiisaan muummessitanu isaan kana. \v 2 Addee gosi biyya adda addaa ta isin akka isaan isin duraa ka'anu gootanu, ta isaan waaqota ifii itti waaqonfatanu ta gaarota dhedheera'aa fi koobota irraa, ta muka banqaaqaa mara jalaalle ijjumaa balleessa'a. \v 3 Addee ciinca'aa ta isaanii caccassa'aa diiga'a; soodduu woyyittii isaanii butucha'a; utuboota waaqa dharaa ta isaanii ta, «Asheeraa» jedhantuu ibiddaan guba'a; waaqota isaanii ka dharaa mura'aa jissa'a; maqaa isaanii addee san irraa balleessa'a. \p \v 4 Isin karaa isaan waaqota ifii ka dharaa waaqonfatanuun, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hin waaqonfatina'a. \v 5 Isin ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan gosa teessan mara keessaa, addee maqaan isaa akka itti waamamu, addee bultoo ifii godhatiisaafille inni filatu barbaada'aatii, achi dhaqa'a. \v 6 Achitti kennansa gubamuu fi ciincaa, kudhan keessaa tokkoo fi kennansa addaa, kennansa kenniisaaf waadaa galtane, kennansa fedhii teessanii, loon, hoole'ee fi re'ee teessan keessaa ka qara dhalatu dhikeessa'a. \v 7 Achitti fuula Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii duratti hin nyaatin. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan isin eebbiseef, isinii fi maatiin teessan Waan harka keessaniin hujjaneen hin gammaddan. \p \v 8 Isin akka nuuti adha nami martinuu akkuma itti fakkaatte godhu kana hin godhina'a; \v 9 Sababille isin addee fooraa lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennu ammalle hin geenne. \v 10 Te'uu malee, laga Yordaanosii gamatti buutanee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan dhaala godhee isinii kennu keessa yennaa qabattanu, nageyaan akka leetanu, inni diinota adaala keessan jiranu mara irraa isin hin foorfachiisa. \v 11 Achiin duuba addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka maqaan isaa itti waamanuuf, addee bultoo ifii godhatiisaaf filatetti, waan ani isin ajaju mara: kennansa gubamuu fi ciincaa, kudhan keessaa tokkoo fi kennansa addaa, qabeenna Mootii Waan Maraatii kenniisaaf waadaa galtanee adda baafattane hin fiddan. \v 12 Achitti isin, ilmaan teessan, durra teessan, tajaajiltoota teessan ta dhiiraatii fi dubarti'ii, Lewwoota qachoota keessan keessa le'anu ka qooda yookiin lafa ifii hin qanne woliin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti gammada'a. \v 13 Kennansa keeti ka gubamu adduma dhaggitetti akka hin ciincessine ifi eegadhu. \v 14 Gosa teeti keessaa addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatu qofatti ciincaa san ciincessi; achitti waan ani si ajaju mara godhi. \p \v 15 Te'uu malee akkuma eebba Mootiin Waan Maraa sii kennetti, qachoota keeti kamiiyyuu keessatti horii keeti, akkuma buddanne'ee yookiin gadansaa qaliitii foon haga barbaadde nyaadhu; akka aadaa dhugeeffanna'aatitti nami qulqulluu te'e yookiin qulqulluu hin te'inille foon san nyaatuu hin dande'a. \v 16 Dhiiga isaanii ammoo akka bisaanii lafatti gad dhangalaas malee hin nyaatin. \v 17 Midhaan, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa teeti harka kudhan keessaa harka tokko yookiin loon, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa ka qara dhalate yookiin waan kenniisaaf waadaa galte mara, yookiin kennansa fedhii teetiin kennitu yookiin kennansa keeti ka addaa qachaa keeti keessatti hin nyaatin. \v 18 Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii filutti ati, ilmaan teetii, durra teeti, tajaajiltoota teeti ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii, Lewwoota qachaa keeti keessa le'anu woliin Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti kennansa kana nyaadhu; waan harka keetiin hujjelle'een gammadi. \v 19 Lafa teeti keessa haga leetu, worra Lewwootaa akka hin deene ifi eegadha'a. \p \v 20 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma waadaa sii galetti, lafa teeti yennaa sii badhisu, ati foon dharraatee, «Ani foon fedha» yennaa jette, akkuma barbaaddetti foon nyaatuu hin dandeetta. \v 21 Addeen Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka itti waamamuuf filate si irraa guddoo yoo fagaatte, akkuma ani si ajajetti loon yookiin hoole'ee fi re'ee Mootiin Waan Maraa sii kenne keessaa qalattee, qachaa keeti keessatti haga barbaadde nyaatuu hin dandeetta. \v 22 Eennulle nami aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu te'e yookiin qulqulluu hin te'in akkuma foon gadansaa yookiin foon buddanne'ee nyaatuu hin dande'a. \v 23 Ati ammoo dhiiga akka hin nyaanne hubadhu; dhiigi lubbuu waan te'eef, lubbuu foon woliin hin nyaatin. \v 24 Dhiiga akkuma bisaanii lafatti dhangalaas malee hin nyaatin. \v 25 Ati ila Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e yennaa hujju, si'ii fi ijoollee si'iin duubaatiif akka toltu dhiiga hin nyaatin. \v 26 Waan keeti ka woyyuu te'ee fi waan Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa galte ammoo fudhadhuutii gara addee Mootiin Waan Maraa filante san dhaqi. \v 27 Kennansa keeti ka gubamu foonii fi dhiiga addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii irratti dhikeessi. Dhiigi ciincaa keetii addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii cina'atti dhangalaafamuu ti; foon ammoo nyaatuu dandeetta. \v 28 Ila Mootii Waan Maraa Waaqa keetii duratti waan dansa'aa fi sirrii te'e waan hujjuuf, si'ii fi ijoollee teeti ta si'iin duubaatiif haga bara baraa akka toltuuf, ajajoota ani adha siif kennu mara muummessiisaaf ifi eegadhu. \p \v 29 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, lafa ati qabatiisaa dhaxxu irraa gosa biyya adda addaa si duraa ijjumaa hin balleessa; atille lafa isaan irraa fudhatte keessa yennaa qabutte, \v 30 isaan badaneen duuba, «Anille akkuma isaanii akka godhuuf, gosi biyya adda addaa tun attamiin waaqota ifiitiif tajaajilan?» jettee marroo waaqota isaanii iyyaafattee tiyyo'otti akka hin galle ifi eeggadhu. \v 31 Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keeti karaa isaan waaqonfatanuun hin waaqonfatin. Sababille isaan waaqota ifii yennaa waaqonfatanu, waan diqachiisu ka Mootiin Waan Maraa jibbu mara godhan. Isaan ijoollee ifiituu ilmaan fi ijoollee ifii ta durraa ibidda addee ciinca'aa irratti waaqota ifiitiif ciincessan. \p \v 32 Kunoo, waan ani si ajaje mara godhi; waan tokkolle itti hin dabalin yookiin irraa hin dhidhisin. \c 13 \p \v 1 Raagichi tokko yookiin nami oojju'uun moru tokko odduu teessanii ka'ee, bilbaasa yookiin maadee yoo isinitti hime, \v 2 bilbaasii fi maadeen inni dubbate yoo teete, innille, «Kowa'a, waaqota dhibii hordonna; isaan waaqonfanna» jedhee waaqota dur isin hin beennetti yoo isin geesse, \v 3 isin raagicha san yookiin nama oojju'uun moru san hin dhage'ina'a. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, akka isin gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin isa jaalattanu haga isin ilaaliisatti jira. \v 4 Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofa'a; isa sodaadha'a; ajajoota isaa eegadha'a; isaaf ajajama'a; isa tajaajila'a; isatti maxxana'a. \v 5 Raagichi sun yookiin nami oojju'uun moru sun, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baasee, garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa ka isin wode akka finqiltanu waan lallabuuf ijjeefamuu qaba. Inni karaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin hordottanu isin ajaje irraa akka isin gortanu wodhaana. Akka kanaan waan hantuu odduu teessanii balleessa'a. \p \v 6 Obboleessi keeti yookiin ilmi keeti yookiin intalti teeti yookiin niitiin teeti ta ati jaalattu yookiin jaalli keeti ka lubbu'uu, «Koy dhandhee waaqota dhibii waaqonfannaa» jedhee dhossa'aan si hawadatee, waaqota atii fi abbootiin teeti ijjumaa hin beenne, akka waaqonfattuuf, \v 7 «waaqota kolbaa adaala keetii ta dhikoo yookiin fagoo, qaccee lafa tokkoo irraa haga lafa taaniititti jirtuu, hin waaqonfanna» yoo jedhe, \v 8 ati isaaf tole hin jedhin yookiin isa hin caqasin. Isaaf hin mararin. Isa hin lakkisin yookiin hin dhossin. \v 9 Gadhaa adoo hin guurin isa ijjeesi! Ati matooma dhaka'aan isa tumi; achiin duuba kolbaan marti dhaka'aan isa tuntuu ti. \v 10 Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka lafa garbumma'aa biyya Gibxi'ii keessaa si baase irraa si fageessiisaaf waan wodhaaneef, dhaka'aan tumii isa ijjeesi. \v 11 Achiin duuba kolbaan Israa'elii tana yoo dhageette hin sodaatti; odduu teessan nami waan hantuu akkasii deebi'ee huju hin jiraatu. \p \v 12-13 Qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif kennu keessa yennaa leetanu, namooti hamooleen odduu teessanii ka'anee, waaqota isin ijjumaa hin beenne, «Kowa'a, dhandhee waaqota dhibii waaqonfanna» jedhanee kolbaa ifii dokonkorsanuun yoo dhageettane, \v 14 iyyaafadha'aa, qorqora'aatii, miidhassa'aa gaafadha. Wonni hantuun akkasii tun odduu teessanitti hujantee yoo jiraatte, \v 15 worra qachaa san keessa le'anu mara shallaaga'aan ijjeesi. Qachaa san kolba'aa fi horii isaa mara woliin ijjumaa balleessi. \v 16 Waan qachaa san keessaa booji'ame mara wodhakkaa addee dikko'ootitti wolitti qabiitii, akka kennansa duuduma gubamuu, ka Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu godhiitii qachaa sanii fi waan booji'ame san mara gubi. Qachaan sun haga bara baraa tuulaa bututaa te'ee hafuu malee, ijjumaa deebi'ee hin ijaaramin. \v 17 Akka Mootiin Waan Maraa aarii ifii ta bobeettu irraa deebi'ee, isiniif mararu, wonni Mootii Waan Maraatiif murteeffame tokkolle harka keeti keessatti hin dhaggamin; inni akkuma abbootii teessan ta duriitiif waadaa galee kakate, isiniif hin marara; isiniif hin naya; laakkossa keessanille hin baceessa. \v 18 Isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantanee, ajaja isaa ka ani adha isiniif kennu mara yoo eegatane, ila isaa duratti waan sirrii te'e yoo hujjane innille tana isiniif hin godha. \c 14 \s1 Aadaa Bowaa Ta Dhooggante \p \v 1 Isin ijoollee Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii ti. Nama du'eef nafa keessan ifi hin mummurina'a; mataa\f + \fr 14:1 \fr*\fqa Mataa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa rifeensa gaara ilaa odduu jiru \fqa*\ft jedha.\ft*\f* keessanille hin haadatina'a. \v 2 Isin kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyoontane waan teetaneef, inni qabeenna isaa ka addaa akka teetanuuf, kolbaa biyya lafaa irra jirtu mara keessaa isin filateera. \s1 Sagalee Qulqullu'uu Fi Qulqulluu Hin te'in \r (Lew. 11:1-47) \p \v 3 Waan battii te'e tokkolle hin nyaatina'a. \v 4 Tanaaf hori'ii fi bineensi isin nyaattanu: loon, hoolee, re'ee, \v 5 gadansa, buddannee, gadansa gaafa torbaa, godaa, qorkee, busowaa, hoolee gaaraa, \v 6 hori'ii fi bineensa keessaa ka kotteen isaanii baqaqa qaddu, ka alalfatanu nyaadhu. \v 7 Hori'ii fi bineensota alalfatanu ka kotteen isaanii baqaqa hin qanne, gaala, hilleensaa fi osolee hin nyaatina'a. \v 8 Booyyeen kotteen isi'ii baqaqa yoo qabaattelle, waan hin alalfanneef, aadaa dhugeeffanna'aatiin isin biratti battii teetuu ti; hin nyaatina'a. Reeffa isi'iille hin tuqina'a. \p \v 9 Dada bisaan keessa leetu mara keessaa ta koolaa fi solloqqee qaddu mara nyaadha'a. \v 10 Dada bisaan keessa leetu ta koolaa fi quncee hin qanne mara hin nyaatina'a. Isaan isin biratti battii te'anuu ti. \p \v 11 Sinbirroota qulqulloota te'ane mara nyaatuu hin dandeettan. \v 12 Sinbirrooti isin hin nyaanne ammoo: risaa, allaattii, rumicha, \v 13 culullee, jajjuu, culullee gosa adda addaa, \v 14 harraaqessa gosa adda addaa, \v 15 guchii, baabboo, haanqaa, balguda gosa adda addaa, \v 16 urunguu, qillisaa, alaakaa, \v 17 qongaa, allaattii gosa adda addaa, huummoo, \v 18 fududdee, dhaatii gosa adda addaa, looyyitu'uu\f + \fr 14:18 \fr*\fqa Looyyituu: \fqa*\ft Gosa sinbirre'ee ti. Isiin lafa tokko tokkotti tuuttujaa jedhanti.\ft*\f* fi cirrichoo fa'a. \p \v 19 Dadi didiqqoon koolaan ka'anu marti isiniif ka battowane te'anuu ti; isaan hin nyaatina'a. \v 20 Isaan keessa ka qulqulluu te'ane ammoo nyaadha'a. \p \v 21 Isin kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyoontane waan teetaneef, waan ifiin du'e mara hin nyaatina'a; alagaan qachaa keessan keessa jiru akka nyaatu kenna'aaf yookiin ormaaf gurgura'a. \p Ilmee re'e'ee aanan haadha isi'iitiin hin iffeelina'a. \s1 Kudhan Keessaa Tokko \p \v 22 Midhaan wogguma wogga'aan fichaa keeti keessaa galfattu mara irraa, harka kudhan keessaa tokko adda baasi. \v 23 Yennaa mara Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa akka barattu, midhaan keeti keessaa, daadhii woyni'ii haareya teeti keessaa, zayitii ejersaa teeti haareya keessaa ka matoomaa, loon, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa ka qara dhalatu addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filattetti isa duratti nyaadhu. \v 24 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si eebbiseeruun kudhan keessaa tokko geessiisaaf, addeen Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filate, si irraa guddoo yoo fagaatte, \v 25 kudhan keessaa tokko san gara beese'ee jijjiiriitii, beesee san qabadhuutii, gara addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filate san dhaqi. \v 26 Achitti beesee saniin waan jaalatte mara: loon, hoolee, daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu yookiin waan halchite mara bitadhu; achiin duuba atii fi maatiin teeti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti nyaadha'aatii gammada'a. \p \v 27 Lewwooti qachaa keeti keessa le'anu, qooda yookiin lafa ifii waan hin qanneef isaan hin dedhin. \v 28 Dhuma woggaa sadeesso'oo mara, midhaan woggaa sanii keessaa kudhan keessaa tokko fidiitii, qachoota keeti keessatti kuufadhu. \v 29 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii harka keetiitiin akka si eebbisuuf, Lewwooti qooda yookiin lafa ifii hin qannee fi alagaan, ijoolleen abba'aa fi haadha hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa ta qachoota keessan keessa le'anu dhufanee nyaatanee quufanuu ti. \c 15 \s1 Woggaa Liqaan Namaaf Itti Lakkifamu \r (Lew. 25:1-7) \p \v 1 Dhuma woggaa torbeesso'ootitti liqaa worra si irraa liqeeffatee lakkisiif. \v 2 Akki ati liqaa namaaf lakkittu asii gad jira; Mootiin Waan Maraa liqaan akka namaaf lakkifamu waan lasseeruuf, nami liqeessu marti, obboleessa ifii nama Israa'eliitiif liqaa liqeesse isaaf lakkisuu ti. \v 3 Liqaa ormaaf liqeessite gaafatuu hin dandeetta; liqaa obboleessi keeti nami Israa'elii si irraa liqeeffate maraayyuu lakkisiif. \p \v 4 Te'uu malee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf, sii kennu keessatti, guddoo waan si eebbisuuf, odduu teeti hiyyeessi hin jiraatu. \v 5 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yoo ajajante, ajaja ani adha sii kennu kana maralle miidhassitee yoo eegatte qofa tun sii teeti. \v 6 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma waadaa sii gale waan si eebbisuuf, ati gosa biyya adda addaa heddu'uuf hin liqeessita malee, eennu irralle'ee hin liqeeffattu. Ati gosa biyya adda addaa hedduu hin bulchita malee, eennulle si hin bulchu. \p \v 7 Obboleessi keeti Israa'elichi qachoota lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessa worra le'anu keessaa nami tokko hiyyeessa yoo te'e, inni obboleessa keeti waan te'eef, gadhaa itti jabaattee, isa qarqaaruu hin didin. \v 8 Tanaa mannaa, arjoomiitii haga isaaf barbaachisu mara liqeessiif. \v 9 Ati, «Woggaan torbeesso'oo ka liqaan namaaf itti lakkifamu geyeera» jettee, yaad hamaan qalbii teeti keessa seenee, obboleessa keeti dhabaa sanitti gadhaa jabaattee, adoo isaaf woy hin kennin hin hafin; innille gara Mootii Waan Maraa iyyee, ati yakkaamessa akka hin teene ifi eegadhu. \v 10 Ati yennaa isaaf kennitu gammadaan kenniif malee hin qucuucamin. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii teeti maraa fi waan harki keeti tuqe maraan si hin eebbisa. \v 11 Worri hiyyeeyyiin yoomille lafa irraa hin dhabamu. Tanaaf, ani obboleeyyan teeti Israa'elootaaf, worra hiyyeeyyi'ii fi worra rakkataa lafa teeti keessaatiif akka kennitu si ajaja. \s1 Garboolee Bilisa Baasuu \p \v 12 Sanyii Ibrootaa keessaa dhiirti yookiin dubartiin yoo sitti gurguramane, nami sitti gurgurame sun woggaa jaa si tajaajiluu ti; woggaa torbeesso'oo keessa nami sun si irraa bilisa bayuu ti. \v 13 Yennaa inni si irraa bilisa bayu, ati harka duwwaa isa hin lakkisin. \v 14 Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si eebbisetti hoole'ee fi re'ee teeti keessaa, midhaan eeddummee teeti keessaatii fi daadhii woyni'ii teeti irraa isaaf kenni. \v 15 Ati biyya Gibxi'ii keessatti garba teeteertuun, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti bilisa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani adha si ajaja. \p \v 16 Garbichi keeti sun ammoo, si bira tee'iisi waan isatti toleef, si'ii fi maatii teeti waan jaalateef, «Ani si biraa hin deemu» yoo siin jedhe, \v 17 gara balbala mana keetii geessiitii, muta'aan gurra isaa uri; achiin duuba inni bara jiruu ifii garbicha keeti hin te'a. Garbittii teetille akkasuma godhi. \v 18 Yennaa bilisa isa baattu, tajaajilaan qaxarame tokko woggaa jaa ka sii huju caalaa dachaa lama, waan sii hujeef, isa bilisa baasuun sitti hin ulfaatin. Ati tana godhi; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti waan ati gootu maraan si hin eebbisa. \p \v 19 Loon keeti keessaa jiboota, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa korbeeyyii qara dhalatanu, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif adda baasi. Jiboota qara dhalatteen hin qotin; korbeeyyii hoole'ee ta qara dhalatte rifeensa irraa hin murin. \v 20 Addee Mootiin Waan Maraa filatutti atii fi maatiin teeti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti woggaa wogga'atti jibootaa fi korbeeyyii san hin nyaattan. \v 21 Horiin sun ammoo fafa tokko yoo qabaate, naafa yookiin ballaa yookiin fafa hamaa yoo qabaate, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif hin ciincessin. \v 22 Horii akkasii kana qachuma keessan keessatti akkuma buddanne'ee yookiin akkuma gadansaa nyaatuu hin dandeettan. Akka aadaa dhugeeffanna'aatitti nami qulqulluu te'e yookiin ka qulqulluu hin te'inille nyaatuu hin dande'a. \v 23 Dhiiga horii sanii ammoo, akkuma bisaanii lafatti dhangalaasa'a malee hin nyaatina'a. \c 16 \s1 Jila Irra Dabaramaa \r (Bay. 12:1-20) \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ji'a «Abiib» jedhamu halkaniin biyya Gibxi'ii keessaa waan si baaseef, ji'a kana keessa Mootii Waan Maraa keetiif Jila Irra Dabaramaa jilifadhu. \v 2 Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka itti waaqonfamuuf filatu sanitti, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa yookiin loon keeti keessaa filiitii ciincaa Jila Irra Dabaramaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ciincessi. \v 3 Foon ciinca'aa san daabboo uukoo qadduun hin nyaatin. Ati ariiti'iin biyya Gibxi'ii keessaa waan baateef, bara le'ii teetii mara guyyaa biyya Gibxi'ii keessaa baate san akka qaabattuuf, guyyaa torba daabboo uukoo hin qanneen nyaadhu. Isiin daabboo rakkinnaa ti. \v 4 Guyyaa torba san keessatti lafa teeti mara keessatti uukoon hin dhaggamin. Foon ati guyyaa qaraa galgala ciincaa dhikeessite halkan san irraa hafee haga ganamaatitti hin turin. \p \v 5 Ciincaa Jila Irra Dabaramaa, qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessaa tokko keessalle'etti hin dhikeessin. \v 6 Garuu addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka waamamuuf filatutti, yennaa aduun seentu, saatii ati biyya Gibxi'iitii baatetti dhikeessi. \v 7 Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti foon iffeeliitii nyaadhu; ganama gara dunkaanii teetii deebi'ii deemi. \v 8 Guyyoota jaa daabboo uukoo hin qanne nyaadhu; guyyaa torbeesso'oo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yaa'iin woyyittiin godhantuu ti; guyyaa san hin hujin. \s1 Jila Torbaan Torbaa \p \v 9 Guyyaa midhaan haamamiisa jalqabeen kaasiitii torbaan torba laakkowiisa jalqabi. \v 10 Achiin duuba akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si eebbisetti, kennansa fedhii teetii dhikeessiisaan, jila torbaan torbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif jilifadhu. \v 11 Ati, ilmi keeti, intalti teeti, tajaajilaan keeti, tajaajiltuun teeti, worri Lewwootaa ka qachoota keeti keessa jiranu, worra alagaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi dubartii haadhotii hiyyeessaa ta odduu teessan jiranu woliin addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filatutti, Mootii Waan Maraa duratti gammadi. \v 12 Atille dur biyya Gibxi'ii keessatti garba akka teete qaabadhu; seerata kana akka dansaa eegadhu. \s1 Jila Gose'ee \r (Lew. 23:33-43) \p \v 13 Midhaan keeti eeddummee irraa, midhaan woynii teetiille addee itti cunfantu irraa galfatteen duuba, guyyaa torba jila gose'ee jilifadhu. \v 14 Atii fi ilmi keeti, intalti teetille, tajaajilaan keeti, tajaajiltuun teeti, Lewwooti, worri alaga'aa, ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa ta qachoota keeti keessa jiranulle jila tanatti gammada'a. \v 15 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, midhaan keetii fi waan ati hujattu maraan waan si eebbisuuf, addee inni filatutti jila tana Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, guyyaa torba jilifadhu. \p \v 16 Dhiirti teeti marti addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti, wogga'atti yennaa sad Jila Irra Dabaramaa, Jila torbaan torbaatii fi Jila Gose'ee jilifatiisaaf wolitti qabamanuu ti. Isaan jilaaf yennaa dhufanu harka duwwaa Mootii Waan Maraa dura hin dhufin. \v 17 Nami martinuu akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isa eebbisetti kennuu ti. \s1 Abbootii Mura'aa Filuu \p \v 18 Qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu mara keessatti akkuma gosa gosa teetiititti, abbootii mura'aatii fi bulchitoota fili. Isaan adoo wol hin caalchisin kolba'aaf muraa kennuu qaban. \v 19 Muraa hin dassin; nama woli hin caalchisin; safuun ila worra qaroole'ee balleessitee, dubbii worra balchoole'ee waan micciirtuuf, safuu hin fudhatin. \v 20 Ati akka jiraattuuf, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennulle akka dhaaltuuf, haqa, haqa qofa hordofi. \s1 Waaqonfannaa Dhooggamane \p \v 21 Addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii biratti utubaa waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu hin dhaabin. \v 22 Utuboota dhaka'aa ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti jibbulle hin dhaabin. \c 17 \p \v 1 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif diqachiisaa waan te'aneef, loon yookiin hoolee teeti keessaa ka fafa qabanu, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif hin ciincessin; inni kana hin jibba. \p \v 2 Qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti dhiirti yookiin dubartiin odduu teessanitti, fuula Mootii Waan Maraa Waaqa keetii duratti waan hantuu hujanee Gondooroo isaa yoo diiganee, \v 3 waan ani isaan dhoogge waaqota dhibii tajaajilanee yoo isaan waaqonfatane yookiin aduu yookiin ji'a yookiin urjii yookiin dada ol-gubba'aa tokkolle'eef yoo sagadane, \v 4 oduun akkasii sitti himamee yennaa dhageette jabeessii qorqori; wonni badduun tun Israa'el keessatti te'iis isi'ii dhugaa yoo teete, \v 5 dhiira yookiin dubartii san qachaa keessaa gara karraa baasiitii, dhaka'aan tumiitii ijjeesi. \v 6 Nami ijjeefamu sun, nami lama yookiin sad yoo isa irratti dhugaa baye malee, dhugaa baya nama tokkootiin hin ijjeefamin. \v 7 Isa ijjeesiisaaf qara dhugaa baatoti, achiin duuba kolbaan marti dhaka'aan isa tumanuu ti. Akka kanaan waan badduu mara odduu teessanii hin balleessita. \s1 Seera Muraa Ittiin Kennanu \p \v 8 Dubbiin dhiiga dhangalaasiisaa, dubbiin marroo qabeenna namaa, dubbiin dhowanee nama miidhiisaa yookiin dubbii dhibii tana fakkaattu ta qachaa keeti keessatti kaatu irratti, muraa itti kenniisa yennaa dadhaddu, addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti geessiitii, \v 9 worra Lewwootaa hayyootaa fi worra yennaa san abbootii mura'aa te'eerutti yaada san dhikeessi. Yennaa san isaan muraa san sitti hin himan. \v 10 Atille waan isaan addee Mootiin Waan Maraa filatu sanitti sitti himane godhi. Waan isaan sitti himane mara sirri'itti hujii irra oolchi. \v 11 Akka seera isaan barsiisanee fi murtee isaan kennanetti hujadhu malee, isii irraa gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorin. \v 12 Nami tokko abbaa mura'aa yookiin hayyicha Mootii Waan Maraa Waaqa keeti tajaajiluuf ajajamuu didee yoo tuffate inni ijjeefamuu ti; akka kanaan waan hantuu Israa'el keessaa mara hin balleessita. \v 13 Achiin duuba nami marti tana dhage'ee hin sodaata; deebi'ee waan hantuu hujiisaaf itti hin gamu. \s1 Seera Marroo Moototaa \p \v 14 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu dhaaltee, achi keessa qubatteen duuba, «Ani akkuma gosa biyya adda addaa ta adaala kiyyaa mootii hin mootonfadha» yoo jette, \v 15 obboleeyyan teeti keessaa ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii filu mootonfadhu malee, nama ormaa ka obboleessa keeti hin te'in mootii hin godhatin. \v 16 Mootichi sun fardoo bacaa hin horatin; Mootiin Waan Maraa, «Karaa kanaan lammeessoo hin deebi'ina'a» waan jedheeruuf, akka kolbaan fardoo bacaa horatiisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaxxu hin godhin. \v 17 Qalbiin isaa karaa irraa akka hin gorreef, mootichi sun niitolee hedduu hin qabaatin; meeti'ii fi worqii bacaalle hin tuulatin. \v 18 Inni barcumaa mootummaa ifii irra yennaa tee'u, kitaaba Lewwoota hayyoota bira jiru ka seerri Waaqaa irratti barreeffameeru kana irraa barreeffatee, woraabbii tokko qabaatuu ti. \v 19 Inni jechoota seeraa fi seerata kanaa mara eegatiisaan, muummessiisalle'een, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii sodaatiisa akka ittiin baratu, isa bira tee'uu ti. Inni bara jiruu ifii mara isa dubbisuu ti. \v 20 Obboleeyyan ifii Israa'eloota irratti akka inni hin koorre, Israa'el keessatti mootummaan isaatii fi ijoolleen isaa bara dheeraa akka jiraatanu, ajaja Waaqaa irraa gara middaa yookiin gara bita'aa akka inni hin gorre isa eega. \c 18 \s1 Qooda Hayyootaa \p \v 1 Gosi Lewwootaa hayyooti, gosi Lewwootaa martinuu, sagalee kennansa Mootii Waan Maraatiif dhikaattu qooda ifii godhatanee nyaatanuu ti malee, Israa'el keessatti qooda lafaa yookiin dhaala tokkolle hin fudhatin. \v 2 Inni akkuma waadaa isaaniif galetti Mootiin Waan Maraa dhaala isaanii ti; tanaaf isaan obboleeyyan ifii Israa'el keessatti lafa hin qabanu. \p \v 3 Loon yookiin hooleen yennaa ciinca'aaf dhikaatanu, hayyooti harka, boqo'oo fi gadhaacha hin fudhatan. \v 4 Midhaan keeti keessaa, daadhii woyni'ii teeti keessaa, zayitii ejersaatii fi rifeensa hoolee teeti irraa murame irralle'ee mataa isaaniif kenni. \v 5 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa teeti keessaa Lewwi'ii fi ilmaan isaa haga bara baraa hayyumma'aan dhaabbatanee maqaa isaatiin akka tajaajilanu isaan filate. \p \v 6 Nami Lewwi'ii tokko, qachoota Israa'el keessa jiranu keessa addee le'uu bayee, fedhii guddo'oon, gara addee Mootiin Waan Maraa filatuu yoo dhufe, \v 7 inni akkuma Lewwoota obboleeyyan isaa worra Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf achi isa dura dhaabbatanuu, maqaa Mootii Waan Maraa ifiitiin tajaajiluu hin dande'a. \v 8 Waan dhaala abbaa ifii ka gurgurame keessaa dhaggatu biratti, innille nyaata worra kaan woliin wol qixxee qooda qaba. \s1 Aadaa Battii \p \v 9 Isin lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti yennaa galtane, aadaa battii gosa biyya adda addaa san hin baratina'a. \v 10 Nami ilma ifii yookiin intala ifii kennansa gubamuuf dhikeessu yookiin worri moru, nami moora ilaalu, nami faroo ilaalu, \v 11 nami xanoo xanu, nami ayyaana hamaa waammatu, nami moru, nami worra du'ane waammatu odduu teessan hin jiraatin. \v 12 Nami waan akkanaa godhu Mootii Waan Maraa duratti batticha; sababa hujii battii akkasiitiif, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaan oofee si duraa hin baasa. \v 13 Ati Mootii Waan Maraa duratti ka komii hin qanne te'i. \s1 Raagicha Dhibii Ka Akka Muuse'ee \p \v 14 Worri isin achi keessaa baasaartanu, worra xanoo xanuu fi worra moru caqasan; isin ammoo tana akka gootanu Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif hin eeyyamu. \v 15 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan kolbaa teessan keessaa raagicha akka kiyyaa isiniif hin kaasa; isin isa caqasa'a. \p \v 16 Tun martinuu akka halchaa teessanii ta isin guyyaa yaa'ii gaara Siina'aa, «Nuuti akka hin duune, deebinee qoonqoo Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa akka hin dhageenne, ibidda guddaa kanalle deebitanee akka hin dhaggine» jettanee Mootii Waan Maraa Waaqa keessan daadimattanee ti. \v 17 Mootiin Waan Maraa anaan, «Wonni isaan jedhane sirri'i. \v 18 Ani raagicha akka keetii kolbaa isaanii oddu'uu isaaniif hin kaasa; jecha kiyya afaan isaa keessa hin keya; inni waan ani ajaju mara isaanitti hin hima. \v 19 Nama jecha kiyya ka inni maqaa kiyyaan dubbatu caqasuu didu mara ani hin adaba. \v 20 Raagichi tokko adoo ani dubbatiisaaf isa hin ajajin, dubbii tokko maqaa kiyyaan ka dubbatu yookiin maqaa waaqota dhibi'iitiin ka dubbatu ijjeefamuu ti» jedhe. \p \v 21 Isin gadhaa keessan keessatti, «Jecha Mootiin Waan Maraa hin dubbatin san attamiin beekuu dandeenna?» yoo jettane, \v 22 Raagichi tokko maqaa Mootii Waan Maraatiin dubbatee, jechi sun muummowuu yookiin dhugaa te'uu yoo dhabe, jechi sun ka Mootiin Waan Maraa dubbatee moti; raagichi sodaa malee waan dubbateef isa hin sodaatina'a. \c 19 \s1 Qachoota Itti Baqatanu \r (Lak. 35:9-34; Iya. 20:1-9) \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta lafa isaanii ka sii kennu yennaa balleesse, qachoota isaaniitii fi mana isaanii dhaaltee achi keessa le'iisa yennaa jalqaddu, \v 2 lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessaa qachoota sad adda baafadhu. \v 3 Nami nama ijjeese tokko achitti akka baqatuuf, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennutti, karaa baasiitii lafa san addee saditti qoodi. \v 4 Nami tokko duraan diinummaa isaa adoo hin qabaatin, adoo hin beekin, nama tokko yoo ijjeese, qachoota kana keessaa gara tokkootitti baqatee lubbuu ifii hamburatuu ti. \v 5 Nami tokko muka muriisaaf, nama tokko woliin baddaa seenee, muka muriisaaf harka yennaa ol fudhatu, agaraan sukkeya keessaa bu'ee, nama isa woliin jiru san dhowee, nami sun yoo du'e, nami ijjeese sun qachoota san keessaa gara tokkootitti baqatee, lubbuu ifii hamburatuu ti. \v 6 Worri namicha du'ee, ka namicha ijjeese haluu baasiisaaf haajaa qabanu sun aaranee isa hin ari'an. Qachaan itti baqatanu sun fagoo yoo te'e, inni duraan namicha irraa haluu adoo hin qabaatin waan ijjeeseef, ka du'iisaaf hin malle te'ulle, worri namichaa reebee isa dhaqqabee hin ijjeesa fa'a. \v 7 Ani tanaaf akka ati qachoota sad adda baafattuuf si ajaje. \p \v 8 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa, «Ani isiniif kenna» jedhee abbootii teetiif kaku'uun waadaa gale mara sii kennee lafa teeti yoo sii badhise, \v 9 ati ajaja inni adha si ajaju mara yoo eegatte, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti yoo jaalatte, guyyaa mara karaa isaa gula yoo deente, qachoota dur adda baafatte sanitti qachoota dhibii sad itti dabalattee adda hin baafatta. \v 10 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, dhiigi nama yakkaa hin qannee akka hin dhangalaane, dhiiga dhangalu'uufille akka itti hin gaafatanne tana godhi. \p \v 11 Ammoo nami tokko nama haluu irraa qabu tokko riphee eegee, dhowee ijjeesee, lubbuu ifii hamburatiisaaf qachoota kana keessaa tokkochatti yoo baqate, \v 12 jaarsoleen qachaa isaa nama itti erganee achii isa fichisiisanee, akka inni du'uuf dabarsanee fira dhiiga baafatutti isa kennanuu ti. \v 13 Ati ila mararti'iitiin isa hin ilaalin. Nageenni akka si'iif te'u Israa'el keessaa nama dhiigi nama yakkaa hin qannee dhangalaase ijjeesi. \s1 Meessaa Durii Dabaruu Dhabuu \p \v 14 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessatti, meessaa ollaa keetii ka worri durii dhaabe hin dhiibin. \v 15 Yakkaa yookiin cubbuu nami tokko huje mirkaneessiisaaf, afaan dhugaa baatota lamaa yookiin sadiitiin malee afaan nama tokkochaatiin itti hin mirkaneeffamu. \v 16 Nami dharaan dhugaa bayu tokko ka'ee nama tokko dharaan yoo himate, \v 17 jarri wol himatane sun lamaanuu fuula Mootii Waan Maraa duratti, hayyootaa fi abbootii mura'aa ta bara sanii dura dhikaatanuu ti. \v 18 Abbootiin mura'aa dubbii san gad fageennaan qorqoranuu ti; namichi dharaan dhugaa bayu sun obboleessa ifii irratti dharaan dhugaa bayee yoo jiraate, \v 19 waan inni obboleessa ifii irratti tolchiisaaf yaadate san isa irratti tolchi. Maarre akkanaan waan hantuu odduu teessanii balleessitan. \v 20 Worri hafanelle waan kana dhage'anee hin sodaatan; itti deebi'anee waan hantuu akkasii odduu teessanitti hin godhanu. \v 21 Ati ila mararti'iitiin hin ilaalin. Lubbuun lubbu'uun, ilti ilaan, ilkaan ilkaaniin, harki harkaan, miilli miilaan haluun baafantuu ti. \c 20 \s1 Qajeelfama Duulaa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka biyya Gibxi'iitii ol si baase waan si woliin jiruuf, ati diina keeti loliisaaf yennaa baate, fardo'oo fi garreettaa fardo'oon harkifamu, loltoota loltoota teeti caaltu yennaa dhaggite, isaan hin sodaatin. \v 2 Gara addee lolaatitti yennaa dhikaattane, hayyichi gara duraa dhufee loltootaan, \v 3 «Ee, kolbaa Israa'elii dhage'a'a! Adha isin diina keessan loliisaaf, bira geettaneertan; hin corisina'a; hin sodaatina'a; hin sheephisina'a; hin bararaqinaalle'e. \v 4 Akka isin injifattanu, diinota keessan isinii loliisaaf, ka isin woliin deemu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan» jedhuu ti. \p \v 5 Achiin duuba qondaaltoti loltootaan, «Isin keessaa nami mana haareya ijaarratee, eebbisiifatee itti hin qubatin jiraa? Inni lola keessatti du'ee, nami dhibiin eebbisiifatee akka itti hin qubanne, gara mana ifii deebi'uu ti. \v 6 Nami muka woyni'ii dhaabbatee, midhaan isi'ii irraa hin nyaatin jiraa? Inni lola keessatti du'ee nami dhibiin midhaan isi'ii akka hin nyaanne, gara mana ifii deebi'uu ti. \v 7 Nami durra kadhatee adoo isii hin fuudhin jiru jiraa? Inni lola keessatti du'ee, nami dhibiin akka isii hin fuune, inni gara mana ifii deebi'uu ti» jedhanuu ti. \p \v 8 Qondaaltoti ammalle loltootaan, «Nami soda'aan guutamee coriseeru jiraa? Akkuma gadhaa ifii gadhaa worra dhibi'iille akka hin sheephisiinne, inni gara mana ifii deebi'uu ti» jedhane. \v 9 Qondaaltoti tana kolba'atti dubbataneen duuba, ajajjooti sooressitoota isaaniif filanuu ti. \p \v 10 Qachaa lolaartutti yennaa dhikaatte, nageyumaan akka harka kennatanu itti dhaami. \v 11 Isaan deebii nageyaa sii deebisanee karra ifii yoo si duraa banane, namooti qachaa san keessatti dhaggamanu hujii hunnaatiin si tajaajilanuu ti. \v 12 Isaan si woliin nageya buusuu didanee, yoo si lolane ammoo, ati qachaa san marsi. \v 13 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti qachaa san harka keetitti dabarsee yennaa kenne, dhiira achi keessaa mara shallaaga'aan ijjeesi. \v 14 Garuu dubartootaa fi ijoollee, hori'ii fi waan qachaa san keessaa maralle, waan qachaa san keessaa booji'amu maraayyuu ifiif fudhadhu. Waan diina keeti irraa booji'ame ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennelle nyaadhu. \v 15 Qachoota si irraa fago'oo, ka gosa biyya adda addaa ka gosa sitti dhikoo jiranu kanaa hin te'in maralle akkasuma godhi. \p \v 16 Te'uu malee, qachoota gosa biyya adda addaa tanaa ka lafa akka ati dhaaltuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, waan lubbuu qabu tokkolle lubbu'uun hin hamburin. \v 17 Worra Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa akkuma Mootiin Waan Maraa si ajaje ijjumaa balleessi. \v 18 Yoo akkas hin te'in, waan battii isaan hujanu waaqota ifii sagadiisaan godhanu akka isin hordottanu isin barsiisan; isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessan irratti cubbuu hujjan. \p \v 19 Qachaa tokko fudhatiisaaf, qachaa san lolaa marsitee yennaa hedduu yoo turte, muka qachaa sanii murtee hin balleessin. Midhaan isaanii nyaadhu malee, mukoota san murtee hin jissin; akka si'iin marfamanuuf, mukooti badda'aa namaa ree? \v 20 Mukoota midhaan isaanii akka hin nyaatane ati beettu qofa murtee jissitee balleessitee, haga qachaan si woliin lolu sun jigutti, hujii isa marsiisaatiif ittiin ijaarata. \c 21 \s1 Gumaa Nama Nami Isa Ijjeese Hin beekkaminii \p \v 1 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessatti, nami tokko diida keessatti ijjeefamee nami isa ijjeese yoo hin beekkamin, \v 2 jaarsoleen teessanii fi abbootiin mura'aa teessan bayanee, fageenna addee reeffaa irraa haga qachoota dhikoo sanii mikanuu\f + \fr 21:2 \fr*\fqa Mikanuu: \fqa*\ft Hagam akka dheeratu meeshaa miki'iititti fayyadamanee beekanuu.\ft*\f* ti. \v 3 Achiin duuba jaarsoleen qachaa addee reeffi namichaa jirutti dhikaatu keessaa dhufane, goronsa hujii ittiin hin hujin, ka waanjoon irra hin keyamin filanee, \v 4 gara dhooqa bisaan yaa'u qaddu ta hin qotamin, ta midhaanille itti hin facaafaminitti gad geessanee, dhooqa san keessatti morma isaa cassanuu ti. \v 5 Akka isaaf tajaajilanu, maqaa isaatiin akka eebbisanu, haajaa moroma'aatii fi yakka'aa akka isaan murteessanu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sanyii Lewwi'ii hayyoota waan filateef, isaan gara duraa dhikaatanuu ti. \v 6 Achiin duuba jaarsoleen qachaa addee reeffi namichaa jiru sanitti dhikaattuu marti, goronsa dhooqa keessatti morma caccassane san irratti harka dhiqatanee, \v 7 «Nuuti harka keennaan dhiiga kana hin dhangalaanne; nama dhiiga kana dhangalaaselle hin dhaggine. \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti Israa'el ta biyya Gibxiitii wodattee baatteef araaram; dhiiga nama yakkaa hin qannee kana kolbaa teeti Israa'el irratti hin laakkowin» hin jedhan. Akka kanaan dhiiga dhangala'e kanaaf araarri hin te'a. \p \v 9 Ila Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e kana yoo gootane, dhiiga nama yakkaa hin qannee ka dhangala'e kanaaf itti hin gaafatantanu. \s1 Dubartoota Booji'amane Fuudhuu \p \v 10 Diinota keeti loliisaaf baatee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti harka keetitti dabarsee isaan kennee ati yennaa isaan boojite, \v 11 isaan keessaa dubartii miidhadduu takka dhaggitee isii fuudhiisaaf yoo feete, \v 12 gara mana keetii fidi; isiin mataa haadattee, qeenca muratuu ti. \v 13 Isiin woyaa yennaa booji'ante uffatteertu san jijjiirattee, mana keeti teettee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif ji'a tokko guutuu gaddituu ti. Achiin duuba ati isii woliin rattee, dhirsa isi'ii hin teeta; isiille niitii teeti hin teeti. \v 14 Ati yoo isi'itti hin gammadin ammoo, akka isiin gara feete dhaxxu lakkisi. Ati waan isii salphitteef, isii hin gurgurattu yookiin garba hin godhattu. \s1 Mirga Ilma Angafichaa \p \v 15 Nami tokko niitii lama qabaatee, takka jaalatee taan ka jibbu yoo te'e, isaan lamaanuu ilmaan yoo isaaf deyane, ilmi angafichi ka niitii inni jibbuu yoo te'e, \v 16 namichi sun gaafa ilmaan ifiitiif karra ifii qoodu, qooda ilma angaticha ifiitiif kenniisaaf male, mirga angafumma'aa ka ilma niitii inni jibbu irraa dhalatee irraa fuudhee, ilma niitii inni jaalatu irraa dhalateef golii te'ee hin kennin. \v 17 Inni ilma niitii jibbuu saniif, karra ifii mara keessaa harka lama kenniisaan angafummaa isaa beessisuu ti. Ilmi sun jabeenna isaa ka qaraa waan te'eef, mirgi angafumma'aa ka isaa ti. \s1 Ilma Finqilaa \p \v 18 Nami tokko ilma mataa jabaatu finqilaa ka yoo isa adabannelle, haadhaa fi abbaa ifiitiif hin ajajanne yoo qabaate, \v 19 haati isaatii fi abbaan isaa isa qabatanee, gara jaarsolee karra dalleya qachaa inni keessa le'uutitti geessanuu ti. \v 20 Isaan jaarsolee qachaa inni keessa le'u saniin, «Ilmi keenna kun ilma mataa jabaatu dida'a. Inni nu'uuf hin ajajamu. Inni gadhito'o; machowaalle'e» jedhanuu ti. \v 21 Achiin duuba dhiirti qachaa sanii marti dhaka'aan isa tumanee ijjeesanuu ti; maarre isin akka kanaan hantuu odduu teessanii hin balleessitan. Israa'elooti marti tana dhage'anee hin sodaatan. \s1 Seera Adda Addaa \p \v 22 Nami tokko yakkaa du'a itti mursiittu hujee ijjeefamee, muka irratti yoo fannifame, \v 23 nami muka irratti fannifame ka Waaqi abaareeru waan te'eef, lafa Mootiin Waan Maraa isiniif kennu akka hin batteessine, reeffi isaa gaafuma san awwaalamuutii malee, muka irra hin bulin. \c 22 \p \v 1 Loon yookiin hooleen obboleessa keetii baddee deentuun yoo dhaggite, isaaf deebis malee, cadhittee hin lakkisin. \v 2 Addeen inni le'u fagoo yoo teete yookiin yoo isa hin beenne teete gara mana keetii geessiitii, haga abbichi barbaassa dhufutti si bira turtuu ti. Achiin duuba isaaf deebisi. \v 3 Harree, woyaa yookiin waan obboleessa keetii ta dhibiille ta isa duraa badde yoo dhaggite, akkasuma godhi. \p \v 4 Harreen yookiin loon Israa'elicha obboleessa keetii, karaa irratti jiganeeranuun yoo dhaggite, isa qarqaarii kaasi malee cadhittee hin lakkisin. \p \v 5 Dubartiin woyaa dhiiraa hin uffatin; dhiirtille woyaa dubarti'ii hin uffatin. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan worra akkas godhu hin jibba. \p \v 6 Adoo karaa deentuu muka irratti yookiin lafa irratti mana simbirre'ee ka cuucuun yookiin quuphaan keessa jiruun, haati itti kabbiteertu yoo dhaggite, haadha cuucuu isi'ii woliin hin fuudhin. \v 7 Wonni dansaan akka sii teetu, bara dheeraalle akka leetu, cuucuu fudhadhu; haadha ammoo akka deentu gad lakkisi. \p \v 8 Mana haareya tokko yennaa ijaartu, nami tokko heellichoo irraa bu'ee dhiiga isaatiif akka itti hin gaafatanne waan kiphu itti ijaari. \p \v 9 Oorruu muka woyni'ii keeti keessatti sanyii dhibii hin facaasin; yoo tana goote sanyii facaatte qofa adoo hin te'in, midhaan muka woyni'iille itti fayadamuu hin dandeettu. \p \v 10 Qotiyyo'oo fi harree wolitti hiitee ittiin hin qotin. \p \v 11 Woyaa rifeensa hoole'eetii fi quncee talba'aatiin wolitti makantee dhowante hin uffatin. \p \v 12 Woyaa teeti ta facaafattu roga arfanuu irratti handaara itti godhi. \s1 Seera Marroo Fuudhaa Fi Heerumaa \p \v 13 Nami tokko niitii fuudhee, isii bira geyeen duuba, yoo isii jibbe, \v 14 dharaan maqaa isi'ii balleessee, «Ani intala tana fuudhe; yennaa isii bira geye bantii hin qaddu» jedhee yoo himate, \v 15 haatii fi abbaan intala sanii waan durrummaa isi'ii mirkaneessu, jaarsolee kora mura'aa ta karra qachaa sanii duraatitti geessanuu ti. \v 16 Abbaan intalaa jaarsolee saniin, «Ani intala tiyya nama kanaaf kenneeraayyu; inni ammoo isii jibbe. \v 17 Kunoo maqaa isi'ii balleessee, ‹Intalti teeti bantii hin qaddu› jedhee himate. Beessisi durrumma'aa ka intala tiyyaa kunoo ti!» jedhee hoccuu dhiiga banti'ii qaddu san jaarsolee qachaa sanii duratti diriirsuu ti. \v 18 Achiin duuba jaarsoleen qachaa sanii isa fuudhanee adabanuu ti. \v 19 Inni durra Israa'elii takka maqaa waan balleesseef, meetii sheeqelii dhibba tokko, abbaa intalattiif muraa kennisiisanuu ti! Isiin niitii isaa teetuu ti. Inni bara jiruu ifii mara ijjumaa isii hin lakkisin. \p \v 20 Te'uu malee himannaan isaa dhugaa teetee, beessisi durrumma'aa ka isi'ii yoo dhabame, \v 21 isiin adoo mana abbaa ifii jirtuu, sagaagaltee hujii fokkisiittuu Israa'el keessatti waan hujjeef, gara balbala mana abbaa isi'ii geessanee, namooti qachaa isi'ii dhaka'aan isii tumanee ijjeesanuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi. \p \v 22 Nami tokko niitii abbaa qaddu woliin rafee yoo dhaggame, lamaanuu ijjeefamanuu ti. Akka kanaan waan hantuu Israa'el oddu'uu balleessi. \p \v 23 Nami tokko intala kadhatante takka qachaa tokko keessatti dhaggee, isii woliin yoo rafe, \v 24 isiin akka irraa buusanuuf qachaa keessatti waan hin iyyiiniif, namichille niitii nama dhibi'ii woliin waan rafeef, isaan lamaanuu seensuma karra qachaa saniititti gad baafamanee, dhaka'aan tumamanee ijjeefamanuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi. \p \v 25 Nami tokko qacha'aan alatti, intala kadhatante takka dhaggee, hunnaan yoo isii woliin rafe, inni callaan ijjeefamuu ti. \v 26 Wonni akkasii akka nami tokko nama dhibii lolee ijjeesee waan fakkaattuuf, isiin cubbuu du'aan isii geessittu waan hin hujiniif, waan tokkolle isii hin godhina'a. \v 27 Sababille namichi qacha'aan alatti intala kadhatanteertu san dhaggee, isiin iyyitulle nami irraa buusu tokkolle hin dhagganne. \p \v 28 Nami tokko intala hin kadhatamin takka qabee isii woliin rafee yoo dhaggamane, \v 29 namichi sun abbaa intalaatiif meetii sheeqelii shantama kaffaluu ti. Isiin namicha saniif niitii teetuu ti. Inni hunnaan isii woliin waan rafeef, bara jiruu ifii mara ijjumaa isii lakkisuu hin dande'u. \p \v 30 Nami tokko niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii woliin rafee, abbaa ifii hin salphisin. \c 23 \s1 Worra Wolde'a Irraa Dhooggame \p \v 1 Nami nafa hilaa tumame yookiin nami yakkatame wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin. \p \v 2 Nami baanaa dhalate, sanyiin isaalle, haga dhaloota kudhaniituu wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin. \p \v 3 Amoonoti yookiin Mo'aaboti, sanyii isaanii keessalle'ee nami tokkolle haga dhaloota kudhaniituu wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin. \v 4 Sababille isaan yennaa isin biyya Gibxi'ii keessaa baatane, midhaanii fi bisaan karaa irratti isinii hin dhikeessine. Ilmi Be'orii Bala'aam akka isin abaaruuf qachaa Mesophotaamiya'aa Phetor keessaa isinitti bitame. \v 5 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti waan si jaalateef, Bala'aamiif hin dhageenne; inni abaarsa isaa san gara eebbaa isinii jijjiire. \v 6 Bara jiruu teetii mara nageyaa fi qananummaa, isaaniif hin halchin. \p \v 7 Worri Edoomii fira keeti waan te'aneef, isaan hin jibbin. Biyya Gibxi'ii keessatti alagaa teetee waan leeteef, worra Gibxi'ii hin jibbin. \v 8 Sanyiin isaanii dhalooti sadeesso'oo wolde'a Mootii Waan Maraatitti dabalantuu ti. \s1 Qulqullummaa Quttuma Loltootaa Eeguu \p \v 9 Diina keeti loliisaaf addee quttumaa keessa yennaa jirtu, waan battii mara irraa ifi eegadhu. \v 10 Isin keessaa nama tokko halkan nafa hilaa isaa keessaa yoo woy dhangala'e, addee quttumaa san keessaa bayee achi turuu ti. \v 11 Gara galgalaa nafa ifii dhiqatee, yennaa aduun seentu gara addee quttumaa deebi'uu ti. \p \v 12 Addee faalowaa, addee quttumaatiin alatti qopheeffadhu. \v 13 Yennaa faalottu, boolla ittiin qottee faalowa keetitti biyyee akka ittiin deebittu, meya keeti woliin qottoo qabadhu. \v 14 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, si eegiisaa fi diinota keeti harka keetitti dabarsee kenniisaaf, addee quttuma loltoota teetii keessa waan deddeebi'uuf, waan battii odduu teetitti dhaggee si irraa akka hin deebine, addee quttumaa teeti woyyoonsi. \s1 Seera Adda Addaa \p \v 15 Garbichi tokko goottaa ifii duraa gara keeti yoo baqate, goottaa isaatitti deebittee isa hin kennin. \v 16 Inni qachoota keeti keessaa ka filate keessa si woliin le'uu ti malee, isa hin rakkisin. \p \v 17 Israa'eloota keessaa dubartiin yookiin dhiirti tokkolle worra galma waaqa dharaa keessatti sagaagalu hin te'in. \v 18 Mootiin Waan Maraa worra galma waaqa dharaa keessatti sagaagalu waan jibbuuf, beesee waan kana irraa dhaggante, kennansa waadaa galane tokkolle muummessiisaaf, gara Galma Mootii Waan Maraa Waaqa keetii hin fidin. \p \v 19 Obboleessa keeti Israa'elichaaf beesee yookiin sagalee yookiin waan dhibiille dhalaan hin liqeessin. \v 20 Ormaaf dhalaan liqeessuu hin dandeetta. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati dhaaltu keessatti, waan ati hujju maraan akka si eebbisuuf, obboleessa keetiif dhalaan hin liqeessin. \p \v 21 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif waadaa yoo galte, inni dhugumaan si irraa waan barbaaduuf, cubbuu akka sitti hin teene, kenniisaaf hin turin. \v 22 Yoo waadaa galuu dhadde ammoo, cubbuu sitti hin teetu. \v 23 Te'uu malee, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif fedha keetiin waadaa waan galteef, waan afaan keetiin dubbatte muummessiisaaf ifi eeggadhu. \p \v 24 Oorruu woynii nama tokkoo keessa yennaa dabartu, haga feete nyaadhu malee, midhaan woyni'ii tokkolle subba keeti keessa hin keyatin. \v 25 Fichaa nama tokkoo keessa yennaa dabartu, midhaan irraa saxii nyaadhu malee, haantu'uun hin haammatin. \c 24 \p \v 1 Nami tokko dubartii takka fuudheen duuba, waan isii irratti jibbu tokko yoo dhagge, woraqata lakkisiisaa barreessee itti kennee, mana ifiitii baasee isii ari'uu ti. \v 2 Isiin baatee nama dhibii yoo heerumte, \v 3 dhirsi lammeesso'oolle isii jibbee, woraqata lakkisiisaa barreessee, itti kennee mana ifiitii baasee yoo isii ari'e yookiin yoo du'e, \v 4 muttaaraan eega isiin battoottee deebi'ee isii hin galfatin; wonni akkasii Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa waan te'eef, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, cubbuu akkasii hin hujin. \p \v 5 Nami reefuu fuudhe tokko, gara duulaa hin dhaqin yookiin hujiin dhibiille itti hin bacatin. Inni haga woggaa tokkoo mana ifiititti bilisa te'ee, niitii fuudhe san woliin gammaduu ti. \p \v 6 Lubbuu namaa fudhatiisa waan te'eef, daakuu yookiin ilmaachuu qaddii hin fudhatin. \p \v 7 Nami Israa'elii tokko gosa ifii Israa'el keessaa nama tokko hatee garboonfatuun yookiin gurguratuun yoo dhaggame ijjeefamuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi. \p \v 8 Marroo dhukkuba goga'aa farrisiisa'aa, waan Lewwooti hayyooti si ajaje mara akka dansaa ifi eegadhu. Ati Waan ani isaan ajaje akka dansaa eegatuu qadda. \v 9 Isin biyya Gibxi'ii keessaa baatanee karaa irra jirtanuun, waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Miiryaam irratti godhe qaabadhu. \p \v 10 Waan tokko namaaf yennaa liqeessitu, qaddii irraa fudhatiisaaf mana isaa hin seenin. \v 11 Ati ala dhaabbattuun, nami ati liqeessiteef sun, qaddii san gad bayee sii fiduu ti. \v 12 Namichi sun hiyyeessa yoo te'e, woyaa qaddii isa irraa fuute irraa hin bulchin. \v 13 Inni woyaa ifii uffatee bulee, akka si eebbisuuf adoo aduun hin seenin deebisiif. Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti balchummaa sii teeti. \p \v 14 Ati obboleeyyan teeti nama Israa'elii keessaa yookiin alagaa lafa teeti keessa qachoota keeti keessa le'u keessaa, nama hiyyeessa rakkataa qaxaramee huju hin cunqursin. \v 15 Inni hiyyeessa waan te'eef, beesee san marroo eegatuuf, gatii inni ittiin qaxarame san adoo aduun hin seenin gaafasuma isaaf kaffali; yoo kaffaluu dhadde inni gara Mootii Waan Maraa iyyee, cubbuu sitti teeti. \p \v 16 Nami tokko tokkooyyuu yakkaa ifiitiif ijjeefamuu ti malee, worri yakkaa ijoollee ifiitiif hin ijjeefamin; ijoolleen yakkaa worra ifiitiif hin ijjeefamin. \p \v 17 Haqa alaga'aa, haqa ijoollee haadhaa fi abbaan hin qanneelle hin dassin. Woyaa haadha hiyyeessaa qaddii hin fudhatin. \v 18 Atille biyya Gibxi'ii keessatti garba teeteertuun, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti bilisa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani akka ati tana gootuuf si ajaje. \p \v 19 Midhaan keeti fichaa keeti keessaa haammattee yennaa galfattu, laddee fichaa keessatti deete fudhatiisaaf, duubatti hin deebi'in; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii harka keetii akka eebbisuuf, laddeen sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaatiif teetuu ti. \v 20 Muka ejersaa keeti irraa midhaan yennaa harcaattu, ka damee irratti hafe qocatiisaaf hin deebi'in. Ka hafe sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadha hiyyeessaatiif te'uu ti. \v 21 Midhaan muka woyni'ii keeti yennaa guurattu, ka hafe qocatiisaaf hin deebi'in. Ka hafe sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadha hiyyeessaatiif te'uu ti. \v 22 Atille biyya Gibxi'ii keessatti garba akka teeteertu qaabadhu. Tanaaf ani akka ati tana gootu si ajaje. \c 25 \p \v 1 Namooti lama wol dhabanee gara kora mura'aa yoo dhufane, abbootiin mura'aa ka yakkaa hin qanne gad lakkisanee, yakkaamessatti muranuu ti. \v 2 Achiin duuba nami yakkaamessi sun ka dhaanamu'uu male yoo te'e, abbaan mura'aa lafatti isa irkisuu ti; laakkossi dhaanamiisa isaa akka yakkaa isaatitti addee abbaan mura'aa jirutti te'uu ti. \v 3 Te'uu malee, laakkossi dhaanamiisa isaa afurtama hin caalin. Afurtama caalaa yoo dhaaname, obboleessi keeti si duratti hin salphata. \p \v 4 Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin. \s1 Waan Obboleessi, Obboleessa Du'eef Godhu \p \v 5 Obboleeyyan woliin le'anu keessaa tokkochi ilma adoo hin uumatin yoo du'e, niitiin nama du'ee sun maatii san keessaa baatee orma hin heerumin. Obboleessi dhirsa isi'ii, isii dhaalee woliin le'uu ti. \v 6 Maqaan obboleessa du'ee Israa'el keessaa akka hin banne, ilmi angafi isiin deettu maqaa obboleessa du'e saniitiin waamamuu ti. \v 7 Obboleessi nama du'e sanii yoo isii fuudhiisaaf fedha hin qabaatin, isiin jaarsolee qacha'aa dura dhaxxee, «Wosoon kiyya, maqaan obboleessa isaa Israa'el keessatti akka waamamu hin barbaanne. Inni na dhaaluu didate» jettuu ti. \v 8 Achiin duuba jaarsolee qachaa sanii isa waamanee, isa dubbisanuu ti. Inni, «Ani isii fuudhiisaaf hin fedhu» jedhee yoo dide, \v 9 isiin jaarsolee qacha'aa duratti gara isaa dhikaattee, miila isaa tokkocha irraa kophee mulqitee, fuula isaatitti tuttee, «Kun waan nama obboleessa ifiitiif sanyii dabarsiisa didu irratti godhamu» jettuu ti. \v 10 Biyya Israa'elii keessatti maatiin isaa, «Maatii nama kopheen irraa mulqantee» jedhamanee hin beekkaman. \s1 Seerota Dhibii \p \v 11 Nami lama yennaa wol lole, niitiin namicha tokkochaa, dhirsa ifiitii rogiisaaf, nama dhirsa isi'ii dhaanu san nafa isaa ka hilaa yoo qadde, \v 12 marartii malee harka isi'ii irraa kuti. \p \v 13 Subba keeti keessaa dhakaa madaalli'ii gosa lama diqqa'aa fi guddaa hin qabaatin. \v 14 Mana keeti keessalle'ee meya ittiin safaranu gosa lama gudda'aa fi diqqaa hin qabaatin. \v 15 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessa bara dheeraa akka leetuuf, madaalli'ii fi meya ittiin safaranu ka sirrii te'ee fi addatamaa qabaadhu. \v 16 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti worra waan akkasii godhu mara ka addatamummaa malee waan akkasii huju mara hin jibba. \p \v 17 Yennaa ati biyya Gibxi'iitii baate, waan worri Amaaleqii si godhe qaabadhu. \v 18 Yennaa ati karaa irratti dadhaddee gaggadde, worra dadhabee duubatti hafe mara ijjeesane. Isaan Waaqalle hin sodaanne. \v 19 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa sii kennu keessatti, diinota adaala keetii mara irraa yennaa si foorfachiisu, yaadannoo Amaaleqootaa ta isaan lafa irraa qabanu mara balleessi. Ijjumaa hin dedhin. \c 26 \s1 Kennansa Midhaan Mata'aatii Fi Kudhan Keessaa Tokkoo \p \v 1 Ati lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltu sii kennutti galtee, qabattee isii keessa yennaa leetu, \v 2 midhaan lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu irraa galfattu mara keessaa ka mata'aa fuudhiitii saaxaraa keessa keyiitii, gara addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka itti waamamuuf filatuu dhaqi. \v 3 Hayyicha yennaa san hujii irra jiruun, «Lafa Mootiin Waan Maraa, nuu kenniisaaf abbootii teennaaf kakate sanitti akka galle, ani adha Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti lallaba» jedhi. \p \v 4 Achiin duuba hayyichi saaxaraa san si irraa fuudhee, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii dura hin keya. \v 5 Atille Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti, «Abbaan kiyya nama biyya Sooriya'aa ka addee takkattii hin leene; inni maatii diqqoo ifii woliin gara biyya Gibxi'ii gad bu'ee achi le'e; inni achitti kolbaa guddoo, hunnaametti'ii fi bindillaa te'e. \v 6 Worri Gibxi'ii ammoo nu miidhanee, nu farrisiisanee, hujii hunnaa jajjadduu nu hujisiisane. \v 7 Achiin duuba nuuti gara Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teennaa iyyinee, Mootiin Waan Maraa iyya teenna dhage'ee, farra teenna, dadhabbi'ii fi cunqurfama keenna dhagge. \v 8 Maarre Mootiin Waan Maraa hunna ifii guddo'oo fi jabeenna ifiitiin, hujii guddoo sodaachittu'uun, baasaa fi maade'een biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. \v 9 Inni gara addee tanaa nu fidee, biyya aananii fi dammaa tana nuu kenne. \v 10 Kunoo, Mootii Waan Maraa midhaan mata'aa ka lafa ati naaf kennite irraa fideera» jedhi. Achiin duuba Saaxaraa san Mootii Waan Maraa Waaqa keeti dura keyiitii, fuula Mootii Waan Maraa duratti sagadi. \v 11 Ati, Lewwootii fi alagaan si woliin le'u waan dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'ii fi maatii teetiif kenne maratti gammada'a. \p \v 12 Ati woggaa sadeesso'oo, ta kudhan keessaa tokko kennanutti, midhaan galfatte keessaa kudhan keessaa tokko mara adda baatteen duuba, Lewwooti, alagaan, ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa nyaatanee akka quufanu isaaniif kenni. \v 13 Achiin duuba Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti, «Akkuma ajaja keetiititti, qooda waan woyyuu te'ee mara mana kiyyaa baasee, Lewwootaaf, alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaatiif kenneera. Ajaja keeti keessaa hin baane; tokkolle hin deene. \v 14 Ani gadda du'aa keessa qooda woyyichaa san irraa hin nyaanne yookiin akka aadaa dhugeeffanna'aatitti yennaa qulqulluu hin te'initti isa irraa hin fuune yookiin isa irraa worra du'eef hin kennine; ani Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf ajajameera. Waan inni na ajaje mara muummesseera. \v 15 Addee woyyittii teeti ta ol-gubba'aa irraa gad ilaaliitii, kolbaa teeti Israa'el, akkuma abbootii teennaaf kakatetti lafa aananii fi dammaa ta nuu kennitelle eebbisi» jedhi. \s1 Ajaja Mootii Waan Maraa \p \v 16 Adha Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti seerataa fi seera isaa akka eegattu si ajaja; tanaaf gadhaa keeti tokkochaa fi lubbuu teeti takkatti'iin ajaja isaa mara akka dansaa eegadhu. \v 17 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka te'e, karaa isaa akka ideentu, seerata isaa, ajajjaa fi seera isaa eegatiisaaf, isaafille ajamiisaaf adha dubbatteerta. \v 18 Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa sii galetti, ati kolbaa isaa, qabeenna isaa ka addaa akka teete, ajaja isa maralle akka eegattu adha dubbateera. \v 19 Gosa biyya adda addaa ta dade mara keessaa leellisaan, maqa'aa fi ulfinnaan ol akka si aansu, akkuma waadaa galetti, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, kolbaa woyyittii akka teetu dubbateera. \c 27 \s1 Addee Ciinca'aa Ta Gaara Ebaalii Irraa \p \v 1 Muuse'ee fi jaarsoleen Israa'elii, kolbaa ajajanee, inni isaan, «Ajaja adha ani isin ajaju kana mara eegadha'a. \v 2 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti galiisaaf, laga Yordaanosii gamatti yennaa buutane, dhakoota gugurdaa dhaaba'aatii nooraa itti diba'a. \v 3 Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teetii waadaa sii galetti, lafa aananii fi dammaa, ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennutti galiisaaf, laga Yordaanosii gamatti yennaa buute, jechoota seera kanaa mara dhakoota san irratti barreessi. \v 4 Laga Yordaanosii gamatti yennaa buute, akkuma ani adha si ajajetti dhakoota kana gaara Ebaalii irratti dhaabiitii nooraa itti dibi. \v 5 Achitti Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, sibiilaan adoo hin tuqin addee ciinca'aa dhaka'aan ijaari. \v 6 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, dhakaa hin bocaminiin addee ciinca'aa ijaariitii isii irratti ciincaa dhikeessi. \v 7 Achitti ciincaa tokkumma'aa dhikeessiitii, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti nyaataa gammadi. \v 8 Dhakoota san irratti jechoota seera kanaa mara akka mudhatu godhiitii barreessi» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba Muuse'een, Lewwoota hayyoota woliin, kolbaa Israa'elii maraan, «Ee Israa'el, cadhisii dhage'i; ati adha kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetii teeteerta. \v 10 Tanaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ajajamiisaan, ajajaa fi seerata ani adha si ajaju kana eegadhu» jedhe. \s1 Abaarsa Ajajama Didiis Fidu \p \v 11 Guyyuma san Muuseen, kolbaa Israa'elii ajajee, \v 12 «Laga Yordaanosii gamatti yennaa buutane, gosi Shimi'oonii, gosi Lewwi'ii, gosi Yihuda'aa, gosi Yisaakorii, gosi Yoseefiitii fi gosi Beniyaaminii kolbaa eebbisiisaaf, gaara Geriiziimii irra dhaabbatanuu ti. \v 13 Gosi Ruubenii, gosi Gaadii, gosi Asheerii, gosi Zebuloonii, gosi Daaniitii fi gosi Niftaalemii abaariisaaf gaara Ebaalii irra dhaabbatanuu ti» jedhe. \v 14 Worri Lewwootaalle qoonqoo ol qabatanee, kolbaa Israa'elii maratti lallabanee: \p \v 15 «Nami fakkii nama hujii harkaa beekuun hujante, ta Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa teete qiriixee yookiin sibiila baqisiisee waaqa dharaa hujee, dhossa'aan dhaabu, ka abaarame te'uu ti» jedhane. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \p \v 16 Nami haadha ifii yookiin abbaa ifii salphisu, ka abaarame te'uu ti. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \p \v 17 Nami dhakaa meessa'aa ka ollaa ifii adde'ee munyuussu marti, ka abaarame te'uu ti. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \p \v 18 Nami ballaa karaa dokonkoraatitti qajeelchu, ka abaarame te'uu ti. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \p \v 19 Nami alagaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaa haqa dhooggu, ka abaarame te'uu ti. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \p \v 20 Nami niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii woliin rafu, rifanoo abbaa ifii waan salphisuuf, ka abaarame te'uu ti. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \p \v 21 Nami horii kamiiyyuu woliin rafu ka abaarame te'uu ti. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \p \v 22 Nami intala abbaa ifii\f + \fr 27:22 \fr*\fqa Intala abbaa ifii: \fqa*\ft Intala abbaan dubartii dhibii irraa uumate.\ft*\f* yookiin intala haadha ifii\f + \fr 27:22 \fr*\fqa Intala haadha ifii: \fqa*\ft Intala haati abbaa dhibi'iif deette.\ft*\f* ta obboleettii isaa teetu woliin rafu ka abaarame te'uu ti. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \p \v 23 Nami haadha sodda'aa ta ifii woliin rafu, ka abaarame te'uu ti. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \p \v 24 Nami dhossa'aan nama ijjeesu marti, ka abaarame te'uu ti. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \p \v 25 Nami nama yakkaa hin qanne ijjeesiisaaf, beesee fudhatu, ka abaarame te'uu ti. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \p \v 26 Nami jechoota seera kanaa hin eeganne, ka abaarame te'uu ti. \p Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti. \c 28 \s1 Eebba Ajajamiisaan Dhufu \p \v 1 Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yoo ajajante, ajajoota isaa ka ani adha si ajaju mara akka dansaa yoo eegatte, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta biyya lafaa irra jirtu mara caalaa ol isin hin qaba. \v 2 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yoo ajajante, eebbi kun martinuu dhufee si'iif hin te'a. \p \v 3 Qachaa keeti keessatti, fichaa keeti keessalle'etti hin eebbifanta. \p \v 4 Ijoolleen teeti, midhaan fichaa keetiitii fi jabbileen loon keetii, ilmooleen hoole'ee fi re'ee teeti hin eebbifaman. \p \v 5 Saaxaraan keetii fi gabataan keeti hin eebbifaman. \p \v 6 Ati yennaa baatu, yennaa galtulle ka eebbifante hin teeta. \p \v 7 Mootiin Waan Maraa diinota si irratti ka'anu fuula keeti duratti akka injifatamanu hin godha. Karaa tokkochaan si loliisaaf hin dhufan; karaa torbaan si duraa hin baqatan. \p \v 8 Mootiin Waan Maraa gootaraa keetii fi hujii harka keetii mara si'iif hin eebbisa. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa sii kennu keessatti si'ille hin eebbisa. \p \v 9 Ati ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii eegattee, karaa isaa yoo ideente, Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa sii galetti kolbaa woyyittii ifii godhatee si hin dhaaba. \v 10 Achiin duuba kolbaan biyya lafaa duudiin, akka ati maqaa Mootii Waan Maraatiin waammante dhaggitee, si hin sodaatti. \v 11 Mootiin Waan Maraa lafa sii kenniisaaf abbootii teetiif waadaa gale keessatti, ijoolle'een, hortee hori'iitii fi midhaan lafa teetiitiin guddisee si qananoonsa. \v 12 Mootiin Waan Maraa lafa teetiif bokkeya yenna'aan kenniisaan, hujii harka keetii eebbisiisaaf, galmee ifii dansaa, ol-gubbaa si'iif hin bana. Ati gosa biyya adda addaa heddu'uuf hin liqeessita malee, eennu irralle'ee hin liqeeffattu. \v 13 Mootiin Waan Maraa mataa si tolcha malee, eegee si hin tolchu; ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii ka ani adha si ajaju, akka dansaa yoo eegatte, ol guddatta malee, gad hin guddattu. \v 14 Waaqota dhibii hordofiisaa fi isaan tajaajiliisaaf, ajaja ani adha si ajaju kana irraa gara middaa yookiin gara bita'aa hin gorin. \s1 Abaarsa Ajajamuu Dhabiisaan Dhufu \p \v 15 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ajajamuu diddee, ajajaa fi seerata ani adha si ajaju kana yoo eegatiisa dhadde, abaarsi asii gadii kun marti sitti dhufee si hin dhaqqaba: \p \v 16 Ati qacha'aa fi fichaa keessatti hin abaaranta. \p \v 17 Saaxaraan keetii fi gabataan keeti ka abaaramane hin te'an. \p \v 18 Ijoolleen teeti, midhaan fichaa keetii, jabbiin loon keetiitii fi ilmooleen hoole'ee fi re'ee teetii ka abaaramane hin te'an. \p \v 19 Ati yennaa baatu, yennaa galtulle ka abaarante hin teeta. \p \v 20 Isa lakkittee, waan hujje maraaf, haga ati ijjumaa ariifattee baddutti, sababa hujii harka keetiitiif, Mootiin Waan Maraa abaarsa, raafamaa fi xixansa si irratti hin fida. \v 21 Mootiin Waan Maraa lafa ati itti galtu keessaa, haga ijjumaa si balleessutti dhukkuba hamaa sitti hin fida. \v 22 Mootiin Waan Maraa dhukkuba golgoleessuun, ka nafa o'isuun, iitaan, o'a woxaluun, oola'aan, gugguufa'aa fi shanto'oon haga ati baddutti si hin dhowa. \v 23 Ol-gubbaan si'iin gubba'aa akka sageettu'uu, latti si'iin jalaa akka sibiilaa sitti hin teeti. \v 24 Mootiin Waan Maraa haga ati baddutti bokkeya lafa teetii qabuxxe'ee fi bukuu hin godha. \p \v 25 Mootiin Waan Maraa akka ati diina keeti duratti injifatantu hin godha. Karaa tokkoon isaan loliisaaf hin baata; karaa torbaan isaan duraa baqatta. Mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu hin teeta. \v 26 Reeffi keeti allaatti'ii fi bineensaaf sagalee hin te'a; nami reeffa keeti irraa isaan ari'u tokkolle hin jiraatu. \v 27 Mootiin Waan Maraa dhukkuba ati irraa fayyuu hin dandeenne iita dhootu ta worra Gibxi'iitiin, iita hin dhoone, qanxo'oo fi hooxxo'oolle'een si hin dhowa. \v 28 Mootiin Waan Maraa maraattumma'aan, ballumma'aa fi raatu'uun si hin dhowa. \v 29 Akkuma ballaan dukkana keessa titimisu, atille guyyaa saafowaan hin titimitta; karaan keeti si'iif hin qajeelu; wonni ati hujju marti si'iif hin milkoottu; ati yennaa mara cunqurfama'aa fi saamamaa hin teeta; nami si qarqaarulle hin jiraatu. \p \v 30 Ati durra fuudhiisaaf hin kadhatta; ammoo nami dhibiin hunnaan isii woliin rafa. Ati mana hin ijaarratta; ammoo keessa hin leetu. Muka woyni'ii hin dhaabbatta; ammoo midhaan isaa hin nyaattu. \v 31 Loon keeti iluma teeti duratti hin qalaman; ati ammoo foon san ijjumaa hin dhandhamattu. Harree teeti iluma teeti duratti butatanee fudhatan; ammoo si'iif hin deebitu. Hooleen teeti diinota keetiif kennanti; nami isaan hamburiisaaf si qarqaaru hin jiraatu. \v 32 Ijoolleen teeti ta dhiiraatii fi ta durraa adoo ati iluma teetiin ilaaltuu gosa biyya dhibi'iitiif hin kennaman. Guyyuma guyya'aan akka isaan deebi'anee dhufanu eegiisaan ilti teeti hin dadhaddi; garuu womaa godhiisa hin dandeettu. \v 33 Gosi biyya ati hin beennee, midhaan lafa teetii ka ati itti elootte mara hin nyaatti; ati ammoo yennaa mara ka cunqurfantee bututtu qofa hin teeta. \v 34 Wonni ati ila teetiin dhaggitu kun si maraachiti. \v 35 Mootiin Waan Maraa iita fayyuu hin dandeenneen jilba keeti, miila keeti, barruu miila keetiitii jalqabee haga gubbaa mataa keetiititti madaa sitti buusa. \p \v 36 Mootiin Waan Maraa si'ii fi mootii keeti ka ati ifi irratti mootonfatte, gosa biyya adda addaa ta atii fi abbootiin teetille hin beennetti dabarsee si hin kenna. Achitti ati waaqota mukaa fi dhakaa irraa hujamane tajaajilta. \v 37 Gosi biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa itti si galchu mara keessatti, waan dhagganee bararaqanu, ta mammaassaatii fi murgo'oo hin teeta. \p \v 38 Ati sanyii midhaanii bacaa ficha'atti facaafatta, awwaannisi waan fixuuf, waan diqqoo qofa galfatta. \v 39 Ati muka woyni'ii dhaabbattee hin kunuunfatta; corroxxi waan nyaattuuf ammoo, unkuruura isaa hin guurattu, daadhii woyni'ii ta isaalle hin untu. \v 40 Lafa teeti keessa muka ejersaa addee maratti hin qabaatta; midhaan isaa waan irraa harca'uuf, zayitii ejersaa ta dibattu hin qabaattu. \v 41 Ati abbaa ilmaa fi intalaa ti; booji'amanee waan deemanuuf ammoo, isaan keetii moti. \v 42 Muka keetii fi midhaan keeti mara awwaannisi itti tima. \p \v 43 Alagaan odduu teeti jiru si irratti oluma oluma jedha; ati ammoo gaduma gaduma jetta. \v 44 Inni sii hin liqeessa; ati ammoo isaaf hin liqeessitu. Inni mataa hin te'a; ati eegee hin teeta. \p \v 45 Ati jecha Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii dhage'uu waan diddeef, ajajaa fi seerata isaa ka inni si ajaju eegatiisa waan dhaddeef, abaarsi kun marti haga ati baddutti gara keeti dhufee, ari'ee si hin dhaqqaba. \v 46 Abaarsi kun marti Mootiin Waan Maraa akka si'ii fi sanyii teeti adabe beessisaa fi maadee haga bara baraa mudhisu hin te'a. \v 47 Yennaa qananummaa teetii Mootii Waan Maraa Waaqa keeti gammadaa firinxiixaa waan hin tajaajiliniif, \v 48 yennaa beelaa fi dheebu'uu, yennaa daaraatii fi yennaa deegaa, diina keeti ka Mootiin Waan Maraa sitti kaasu hin tajaajilta. Inni haga si balleessutti waanjoo sibiilaa morma keetitti hin keya. \p \v 49 Mootiin Waan Maraa gosa akka risaa gubba'aa gad xinniquu, ta afaan isaanii ati hin beenne, lafa fagoo qaccee biyya lafaa irraa sitti hin fida. \v 50 Isaan worra fuulli isaanii nama sodaachisu, ka nama gudda'aaf ulfinna hin kennine, ka ijoolle'eefille hin mararre. \v 51 Isaan haga si balleessanutti jabbilee loon keetiitii fi midhaan lafa teetii hin nyaatan; isaan midhaan, daadhii woyni'ii, zayitii ejersaa, hortee loonii yookiin hoole'ee fi re'ee teetii takkattiille si'iif hin hamburanu. \v 52 Dalleenni dhaka'aa dhedheeraan jabaan ati itti addattu haga jigutti, isaan qachoota lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu mara keessatti si hin marsan. \p \v 53 Yennaa diinni keeti si marsee si farrisiisu san, dhala teeti, ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kenne, foon ijoollee teeti ta dhiiraatii fi ta durraa hin nyaatta. \v 54 Isin keessaa nami laafaan qeenxalloonuu obboleessa ifii, haadha manaa ta ifii ta jaalatuu fi ijoollee ifii worra hafane ila hantu'uun hin ilaala. \v 55 Qachaan keeti marti waan marfameef, rakkinna diinni keeti si irratti fidu irraa ta kaate, akka inni nyaatuuf ka hafeeru kana malee waan hin jirreef, foon ijoollee ifii ka nyaatu san irraa diqquma isaalle, isaan keessaa tokkolle'eef hin kennu. \v 56 Isin keessaa dubartiin laattuun qeenxalloon, ta miilli isi'iituu lafatti hin ijjanne, abbaa manaa ifiitii fi ijoollee ifiituu ila hantu'uun hin ilaalti. \v 57 Isiin yennaa diinni keeti qachoota keeti marsee si farrisiisanu san, wonni nyaatanu waan hin jirreef, hobbaatii gadaamessa isi'ii keessaa baatuu fi ijoollee ifii deettu dhossa'aan hin nyaatti. \p \v 58 Jecha seera kanaa ka kitaaba kana keessatti barreeffame mara akka dansaa yoo eegatuu dhaddane, maqaa Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii ka ulfinna qabu ka maade'ee kana yoo sodaatuu dhadde, \v 59 Mootiin Waan Maraa balaa hamaa farrisiisaa yennaa hedduu si irra turu, dhukkuba hin fayyine si'ii fi sanyii teeti irratti hin fida. \v 60 Inni dhukkuba biyya Gibxi'ii ka ati sodaatte san mara, ammalle si'itti hin fida; dhukkuba san irraa hin fayyitu. \v 61 Mootiin Waan Maraa dhukkubaa fi balaa kitaaba seeraa kana keessatti hin barreeffaminille mara sitti fidee si hin balleessa. \v 62 Laakkossi keessan akka urjii ol-gubba'aa te'ulle, jecha Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniitiif waan hin ajajaminiif, isin keessaa nama diqqaa qofatti hafa. \v 63 Mootiin Waan Maraa akkuma waan dansaa isinii godhiisaaf, isin baceessiisaafille gammade, akkasuma isin diigiisaa fi balleessiisaaf hin gammada. Isin lafa dhaaliisaaf itti galtanu keessaa hin buqqaatan. \p \v 64 Mootiin Waan Maraa qaccee lafaatii haga qaccee lafaa taanitti, gosa biyya adda addaa odduu si hin bittinneessa; achitti waaqota mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka abbootiin teeti ta durii hin beenne hin tajaajilta. \v 65 Gosa biyya adda addaa san oddu'utti foora hin qabaattu; addee miilli keeti itti ijjatulle hin qabaattu. Mootiin Waan Maraa achitti gadhaa sheephisu, ila caararroottu, gadhaa addii kutatulle sii hin kenna. \v 66 Jiruu mamaa hin jiraatta; du'aa fi jiruu wodhakkaa waan jirtuuf, halkanii fi guyyaa sodaataa leeta. \v 67 Waan gadhaan keeti sodaatuu fi waan ilti teeti dhaggitu saniif jettee, ganama, «Adoo dhiitee!» galgala ammoo, «Adoo bariitee!» jetta. \v 68 Karaa ani, «Lammeessoo deebitanee hin dhaggitanu» isiniin jedhe, Mootiin Waan Maraa hoboloo gudditti'iin gara biyya Gibxi'ii si hin deebisa; achitti diinota keessaniif garbichaa fi garbittii akka isaanii teetanu gurguramiisaaf ifi kennitan; ammoo nami isin bitatu achi hin jiraatu. \c 29 \s1 Gondooroon Mo'aab Keessatti Haareffante \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Gondooroo ifii ta Horeebitti\f + \fr 29:1 \fr*\fqa Horeeb: \fqa*\ft Gaara Siina'aa ti.\ft*\f* Israa'eloota woliin godhate irratti dabalee, lafa Mo'aabii keessatti akka isaan woliin Gondooroo godhatuuf, ta inni Muusee ajaje ta asii gad jirtu: \p \v 2 Muuseen kolbaa Israa'elii mara waamee, «Waan Mootiin Waan maraa biyya Gibxi'ii keessatti ila teessan duratti mooticha Fara'oonii fi qondaaltota isaa irratti, biyya isaa mara irralle'etti tolche dhaggitaneertan. \v 3 Balaa gugurdaa, bilbaasotaa fi waan maade'ee gugurdoo san iluma teessaniin dhaggitaneertan. \v 4 Garuu Mootiin Waan Maraa haga adhaa qalbii hubattu yookiin ila dhaggitu yookiin gurra dhage'u isiniif hin kennine. \v 5 Inni, ‹Ani woggoota afurtama goomolee keessa isin sooresse san woyaan teessan hin dulloonne; kopheen teessanille hin dhumanne. \v 6 Isin daabboo hin nyaanne; daadhii woyni'ii yookiin untoo nama macheessitu hin unne. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'e akka beettanuuf tana godhe› jedhee isinitti himeera. \v 7 Yennaa isin addee tana dhuttane, mootiin Heshiboonii Sihoonii fi mootiin Baashaanii Oog nu loliisaaf dhufane; te'uu malee nuuti isaan injifanne; \v 8 lafa isaaniille fudhannee, gosa Ruubeniitiif, gosa Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'eetiif dhaala goonee kennine. \v 9 Tanaaf wonni isin gootanu marti akka isinii teetuuf, jechoota gondooroo tanaa eegadha'a. \p \v 10 «Isin marti, sooressitooti gosa teessanii, jaarsoleen teessan, qondaaltoti teessanille, namooti Israa'elii marti adha Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dura dhaabbataneeran; \v 11 ijoolleen teessan, niitoti teessanii fi alagaan addee quttumaa teessan keessa jiranu, worra qoraan isinii cassuu jalqabee haga worra bisaan isiniif woraabuutitti isin woliin dhaabbataneeran. \v 12 Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin kakatiisaan Gondooru san, isa woliin godhatiisaaf, isin adha as dhaabbattaneertan. \v 13 Mootiin Waan Maraa akkuma isiniif waadaa gale, akkuma abbootii teessan Abrahaamiif, Yisihaqiif, Yaaqoobiifille kakate, inni Waaqa isinii te'iisaaf, kolbaa ifiille isin godhatiisaaf adha tana godhe. \v 14 Mootiin Waan Maraa Gondooroo tana isin woliin qofa adoo hin te'in, \v 15 worra adha Mootii Waan Maraa Waaqa keenna dura as nu woliin dhaabbatuu fi worra adha as nu woliin hin jirre wolille'een godhe. \p \v 16 «Nuuti biyya Gibxi'ii keessa attam akka leenee fi gosa biyya adda addaa keessa attam dabarree akka dhunne isinuu hin beettan. \v 17 Odduu isaaniititti waan jibbisiisaa, waaqota dharaa ka isaanii ka mukaatii fi dhaka'aa, ka meeti'iitii fi worqi'ii dhaggitaneertan. \v 18 Isin keessaa dhiirti yookiin dubartiin, maatiin yookiin gosi gadhaan isaanii Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irraa deebi'e, dhaqanee waaqota gosa biyya adda addaa akka hin waaqonfanne ifi eegadha'a. Hiddi midhaan hadhowaa summii qabu buusu odduu teessan akka hin jiraanne ifi eegadha'a. \v 19 Nami akkasii jechoota abaarsaa kana dhage'ee, gadhaa ifii keessatti, ifi eebbifatee, ‹Ani mataa jabeennaan le'ulle, hantuun na hin dhaqqaddu› jedhee yoo herrege, worra dansa'aa fi worra hamaa irratti badii hin fida. \v 20 Mootiin Waan Maraa nama akkasiitiif hin araaramu. Aari'ii fi hinaaffaan Mootii Waan Maraa isa irratti hin bobeetti; abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame marti isa irratti hin bu'a. Mootiin Waan Maraa maqaa isaa lafa irraa haxowee hin balleessa. \v 21 Mootiin Waan Maraa akkuma abaarsa gondooro'oo ka kitaaba seeraa kana keessatti barreeffameetitti, nama akkasii gosa Israa'elii mara keessaa baasee hin balleessa. \p \v 22 «Dhalooti isin duubaan dhufu, sanyiin teessanii fi ormi fago'oo dhufu bala'aa fi dhibee Mootiin Waan Maraa lafa teessan irratti fide dhagganee, \v 23 ‹Latti sun guutumatti dhakaa bobe'uu fi sooddaan hin gubatti; wonni tokkolle irratti hin dhaabantu; wonni tokkolle irratti hin lattu; isiin akka badii Sodoomii fi Gomora'aa, akka Aadima'aa fi Zebo'iimii ta Mootiin Waan Maraa aari'ii fi mufii ifii guddo'oon garagaggalchee hin teeti› hin jedhan. \v 24 Achiin duuba gosi biyya adda addaa marti maadeffattee, ‹Mootiin Waan Maraa maaf lafa tana irratti waan akkasii godhe? Wonni inni aaree bobe'eef maan?› hin jetti. \v 25 Achiin duuba kolbaan deebittee, ‹Isaan Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii isaanii yennaa biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase, isaan woliin gondoore san waan diiganeef. \v 26 Isaan dhaqanee waaqota hin beenne, ka inni hin ajajin waaqota dhibii tajaajilanee waaqonfatane. \v 27 Tanaaf Mootiin Waan Maraa lafa tanatti aaree bobe'ee, abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame mara lafa irratti fide. \v 28 Mootiin Waan Maraa aaree bobe'ee, mufii ifii guddo'oon lafa isaanii keessaa isaan buqqisee, akka adha jiranu kanatti biyya ormaa keessatti isaan gate› hin jetti. \p \v 29 «Wonni dhossa'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa ti; wonni mudhate ammoo, jecha seera kanaa mara akka hordonnuuf, teennaa fi ta ijoollee teennaa ti. \c 30 \s1 Eebba Gara Mootii Waan Maraa Deebi'iisaan Dhaggamu \p \v 1 «Eebbaa fi abaarsi ani adha isin dura keye kun martinuu yennaa isin dhaqqabe, isin addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan gosa biyya adda addaa mara odduu isin bittinneessetti deebitanee yennaa waan kana qaabattane, \v 2 isinii fi sanyiin teessan gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebitanee, akkuma ani adha isin ajajetti, gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin isaaf yoo ajajantane, \v 3 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan boojuu teessan hin deebisa; isiniif hin marara; addee isin itti bittinneesse gosa biyya adda addaa keessaa, deebisee wolitti isin hin qaba. \v 4 Haga qaccee biyya lafaatitti bittinnoottanulle, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan wolitti isin qabee deebisee isin hin fida. \v 5 Inni gara lafa abbootiin teessan qabatte san isin hin fida; isinille isii san hin qabattan. Inni abbootii teessan caalaa isin qananoonsee, laakkossa keessanille hin baceessa. \v 6 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin isa jaalatanee leetanu, qalbii teessanii fi qalbii ijoollee teessanii haqanqabaa hin qaba. \v 7 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan abaarsa kana mara diinota keessan worra isin jibbuu fi worra isin miidhu irratti hin fida. \v 8 Isin deebitanee isaaf hin ajajantan; ajaja ani adha isin ajaju mara hin eegattan. \v 9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan isin hujjanu maraan, ijoolle'een, hortee horii keessaniitii fi midhaan ficha'aatiin isin hin duroonsa. Inni abbootii teessan duroonsiisaan akkuma gammade, isinille duroonsiisaan hin gammada. \v 10 Tun yoo isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantanee, ajajaa fi seerata kitaaba kana keessatti barreeffame mara eegatiisaan, gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebitane teeti. \s1 Du'aa Fi Jiruu Keessaa Tokko Filatiisa \p \v 11 «Ajaji ani adha isin ajaju kun guddoo ka isin rakkisuu moti yookiin ka isin irraa fagoo jiruu moti. \v 12 Isin, ‹Akka nuuti dhageennee ajajannuuf, eentu ol-gubbaa bayee fidee nutti hima?› akka hin jenne ol-gubbaa hin jiru. \v 13 Isin, ‹Akka nuuti dhageennee ajajannuufille, eentu abbaayaa gamatti bu'ee fidee nutti hima?› akka hin jenne ajaji kun abbaaya'aan gama hin jiru. \v 14 Garuu jechi isinuma bira jira; akka isin ajajantanuufille afaanii fi gadhaa keessan keessa jira. \v 15 Kunoo, ani adha jiru'uu fi qananummaa, du'aa fi badii isin dura keyeera. \v 16 Akka isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaalatanu, karaa isaa irra akka ideentanu, ajaja isaa, seerata fi seera isaalle akka eegattanu, ani isin ajaja; achiin duuba jiru'uun hin leetan; hin hortan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa isin itti galtanee qabattanu keessatti isin hin eebbisa. \v 17 Gadhaan keessan isa irraa deebi'ee, isaaf ajajamiisa diddanee, waaqota dhibii sagadiisaaf sobantanee yoo isaan waaqonfatane ammoo, \v 18 dhuguma akka isin baddanu ani adha isinitti hima; laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabattanu san keessa bara dheeraa hin leetanu. \v 19 Ani adha jiru'uu fi du'a, eebbaa fi abaarsa isin dura akka keye ol-gubba'aa fi lafa waamee isin irratti dhugaa akka bayanu hin godha. Tanaaf Isinii fi sanyiin teessan akka leetanu jiruu filadha'a. \v 20 Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaaladha'a; isaaf ajajama'a; isatti maxxana'a; inni jiruu teessan waan te'eef, lafa abbootii teessan ta durii Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf kakate san keessatti bara dheeraa isiniif hin kenna» jedhe. \c 31 \s1 Iyaasuun Addee Muuse'ee Bu'e \p \v 1 Achiin duuba Muuseen gad bayee dubbii tana kolbaa Israa'elii maratti dubbatee, \v 2 «Kunoo, ani amma nama woggaa dhibbaa fi diddamaa ti; haganaa achi ani isin bulchiisa hin dande'u; Mootiin Waan maraa, ‹Ati laga Yordaanosii gamatti hin buutu› naan jedheera. \v 3 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessanuu isiniin dura gamatti hin bu'a; gosa biyya adda addaa tana isin duraa hin balleessa; isinille lafa isaanii hin qabattan; akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Iyaasuun isiniin dura gamatti hin bu'a. \v 4 Mootiin Waan Maraa mootota Amoorotaa Sihoonii fi Oog lafa isaanii woliin akkuma balleesse, isaanille hin balleessa. \v 5 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa san dabarsee isinitti hin kenna; isinille akkuma ani isin ajaje isaan hin gootan. \v 6 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha'a; jajjabaadha'a; isaan hin sodaatina'a yookiin hin bararaqina'a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe. \p \v 7 Achiin duuba Muuseen Iyaasuu waamee kolbaa Israa'elii mara duratti, «Ati kolbaa tana woliin gara lafa Mootiin Waan Maraa abbootii isaanii ta duriitiif kenniisaaf kakatetti waan galtuuf, lafa sanille dhaala isaanii gootee waan isaanii qoodduuf, jabaadhu, jajjabaadhu! \v 8 Mootiin Waan Maraa ifiifuu si'iin dura hin deema; si wolille'een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe. \s1 Ajaja Seera Dubbisiisaaf Kenname \p \v 9 Muuseen seera kana barreessee, sanyii Lewwi'ii hayyoota saanduqa gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atanuu fi jaarsolee Israa'elii maratti kenne. \v 10 Achiin duuba Muuseen isaan ajajee, «Dhuma woggaa torba torbaatitti, yennaa liqaan namaaf lakkifamuu fi yennaa jila gose'ee ta woggaa wogga'aan jilifantutti, \v 11 kolbaan Israa'elii marti addee inni filatetti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti yennaa dhaggantanu, seera kana akka isaan dhage'anuuf isaan mara duratti dubbisa'a. \v 12 Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dhage'anee akka isa sodaatiisa baratanu, jecha seera kanaa mara akka dansaa akka eegatanu, kolbaa mara dhiira, dubartii, ijoolle'ee fi orma qachaa keessan keessa jiranu wolitti qaba'a. \v 13 Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabattanu keessatti bara leetanu mara, ijoolleen isaanii ta seera kana hin beenne, seera kana dhage'anee, Mootii Waan Mara Waaqa keessan sodaatiisa baratuu qaban» jedhe. \s1 Gorsa Mootiin Waan Maraa Muuse'eef kenne \p \v 14 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, guyyaan ati duutu dhikaateera; akka ani isa ajajuuf Iyaasuu waamiitii isa woliin gara Dunkaanii Woldeenna'aa dhikaadha'a» jedhe; maarre Muuse'ee fi Iyaasuun dhaqanee gara Dunkaanii Woldeenna'aa dhikaatane. \p \v 15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dunkaanii keessatti utubaa duumensaa keessaa mudhate; utubaan duumensaalle seensuma dunkaani'ii dhaabbate. \v 16 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ati duutee abbootii teeti ta durii bira dhaqaarta; kolbaan tun waaqota ormaa ka biyya itti galanuu hin waaqonfatan; isaan na lakkisanee, gondooroo ani isaan woliin godhe hin diigan. \v 17 Guyyaa san ani isaanitti aaree bobe'ee, isaan hin lakkisa; fuula kiyya isaan duraa hin dhoffadha'a; isaanille hin badan. Badiin guddo'oo fi rakkoon guddoon isaan hin dhaqqaddi. Guyyaa san isaan, ‹Badiin tun Waaqi keenna waan nu woliin hin jirreef nu dhaqqaddee motii ree?› jedhanee hin gaafatan. \v 18 Isaan gara waaqota dhibi'ii deebi'iisaan waan hantuu waan hujaneef, ani guyyaa san fuula kiyya ijjumaa isaan duraa hin dhoffadha. \p \v 19 «Amma faaruu tana barreeffadhuutii, kolbaa Israa'elii barsiisi; akka isaan irratti naaf dhugaa baatu, isaan akka faarsanu godhi. \v 20 Ani gara lafa aananiitii fi dammaa ta abbootii isaaniitiif kenniisaaf kakadhe sanii yennaa isaan fide, isaan nyaatanee quufanee gabbataneen duuba, ana jibbanee, gondooroo ani isaan woliin godhe diiganee, gara waaqota dhibi'ii deebi'anee isaan waaqonfatane. \v 21 Yennaa badiin guddo'oo fi rakkoon isaan dhaqqaddu, faaruun tun sanyii isaaniitiin waan hin raanfataminiif isaan irratti dhugaa hin baati. Ani gara lafa isaanii kenniisaaf kakadhee san adoo isaan hin fidiniin dura adhalle waan isaan godhiisaaf yaadiisatti jiranu hin beeka» jedhe. \p \v 22 Maarre Muuseen guyyuma san faaruu san barreessee Israa'eloota barsiise. \p \v 23 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Iyaasuu ilma Nunii ajajee, «Ati Israa'eloota gara lafa ani isaanii kenniisaaf kakadhetti waan galchituuf, jabaadhu; jajjabaadhu; ani si woliin jira» jedhe. \p \v 24 Muuseen jecha seeraa kana jalqabaa haga dhumaatitti kitaabatti barreessee fixeen duuba, \v 25 Lewwoota saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atanu ajajee, \v 26 «Kitaaba seeraa kana fuudhiitii, achitti akka isin irratti dhugaa bawu, saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii bira keyi. \v 27 Isin finqiltootaa fi worra mataa jabaatu akka teetane ani hin beeka. Kunoo ani adha adoo jiru'uun isin woliin jiruu, eega Mootii Waan Maraa finqiltanee, du'a tiyyaan duuba fa'a irra caalaa attam attam finqiltan ree! \v 28 Ani jecha kana akka isaan dhage'anuuf akka isaanitti dubbadhu, ol-gubba'aa fi lafa isaan irratti dhugaa baatota godhee akka waamu, jaarsolee gosa teessaniitii fi qondaaltota teessan mara na duratti wolitti naa qaba'a. \v 29 Ani du'een duuba akka isin ijjumaa battoottanee, karaa ani isin ajaje irraa gortanu ani hin beeka. Isin fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu waan hujjanuuf, hujii harka keessaniitille'een waan isa aarsitanuuf, baroota dhufanu keessatti badiin isinitti hin dhutti» jedhe. \s1 Faaruu Muuse'ee \p \v 30 Achiin duuba Muuseen jecha faaruu tanaa jalqabaa haga dhumaatitti, wolde'a kolbaa Israa'elii duudi'iif dubbisee, \c 32 \q1 \v 1 Ee ol-gubba'a ani hin dubbadha caqasa'a; \q2 ee lafa atille jecha afaan kiyyaa dhage'i. \q1 \v 2 Barsiisi kiyya akka bokkeyaa roobuu ti; \q2 jechi kiyyalle akka fixeensa coccophuu ti. \q1 Marra quunxu irratti akka tiifu'uu \q2 lattuu irratti akka bokkeya jaba'aa roobuu ti. \q1 \v 3 Ani maqaa Mootii Waan Maraa hin lallaba; \q2 isinille guddinna Waaqa keennaa leellisa'a! \b \q1 \v 4 Inni rassa'a, \q2 hujiin isaa dhidhinna hin qaddu; \q2 karaan isaa marti qajeela'a. \q1 Inni Waaqa addatamaa hin dokonkorre; \q2 Waaqa qajeela'a, balcha'alle'e. \q1 \v 5 Isaan isa irratti hantuu waan hujaneef, \q2 haganaa achi ijoollee isaatii moti; \q2 isaan dhaloota jallaameyyi'ii fi micciirama'a. \q1 \v 6 Ee isin kolbaa gowwoole'ee fi qarummaa hin qanne, \q2 akki isin Mootii Waan Maraatiif deebittanu akkanaa? \q1 Abbaan keessan ka isin dade, \q2 ka isin hujee fi ka isin miidhasse isaa motii ree? \b \q1 \v 7 Guyyoota durii qaabadha'a; \q2 woggoota dhaloota heddu'uu hubadha. \q1 Abbootii teessan gaafadha'a; \q2 isaanille isinitti hin himan. \q1 Maanguddoo teessan gaafadha'a; \q2 isaanille isiniif hin diidessan. \q1 \v 8 Waaqi Ol-Aanaan gosa biyya adda addaatiif, \q2 dhaala isaanii yennaa kenne, \q2 sanyii namaa mara yennaa addaan baase, \q2 akka laakkossa kolbaa Israa'eliititti \q2 meessaa gosa biyya adda addaatiif baase. \q1 \v 9 Sababille qoodi Mootii Waan Maraa kolbaa isaa ti; \q2 Yaaqoob dhaala isaa ti. \q1 \v 10 Inni lafa goomolee keessa, \q2 ona gammoojjii qiillee keessatti isa dhagge. \q1 Inni wontee isaaf te'ee, isa kunuunsee, \q2 akka gumaa ila ifii isa eege. \q1 \v 11 Inni akka risaa mandhee ifii diigee, \q2 ilmee ifii irratti gonboobee, \q2 koola ifii isaan irratti badhisee, \q2 isaan irratti kabbuutii fi \q2 koola ifiitiin isaan ba'atuu ti. \q1 \v 12 Mootii Waan Maraa qofattuu isa sooresse; \q2 waaqi ormaa isa woliin hin jiru. \b \q1 \v 13 Inni lafa koobotaa mara akka bulchu isa godhee, \q2 midhaan ficha'aa isa nyaachise. \q1 Rassaa keessaa damma isa nyaachisee, \q2 dhakaa jabaa keessaa zayitii isaaf kenne. \q1 \v 14 Dhadhaa looniitii fi aanan hoole'eetii fi re'e'ee \q2 cooma buruusoo hoole'ee, \q2 ta korbeeyyii hoolee Baashaaniitii fi re'e'ee \q2 xaltaa qamadii dansa'aa woliin kenneef; \q2 inni daadhii woynii dansa'aalle une. \b \q1 \v 15 Yeshuuruun\f + \fr 32:15 \fr*\fqa Yeshuuruun: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa qajeelaa jechu'u. Maqaa kolbaan Israa'elii ittiin waamantu.\fqa*\f* \q2 gabbatee finqile. \q1 Quufee, furdatee, cululuqe; \q2 inni Waaqa isa dade lakkisee, \q2 rassaa fayyinna ifii tuffate. \q1 \v 16 Isaan waaqota ormaatiin \q2 akka hinaafu isa godhanee, \q2 battumma'aan isa aarsane. \q1 \v 17 Isaan durriisota Waaqa hin te'iniif, \q2 waaqota hin beenneef, \q2 waaqota haareya \q2 ka abbootiin isaanii hin sodaatiniif \q2 ciincaa dhikeessane. \q1 \v 18 Ati rassaa abbaa sii te'e lakkittee, \q2 Waaqa jiruu sii kenne deete. \b \q1 \v 19 Ilmaan isaatii fi ijoolleen durraa ta isaa \q2 waan isa aarsaneef, \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 tana dhaggee isaan tuffate. \q1 \v 20 Inni, «Ani fuula kiyya \q2 isaan hin dhoffadha; \q2 muummeen isaanii \q2 maan akka teetu hin ilaala; \q2 isaan dhaloota micciiramaa, \q2 ijoollee hin addatanne. \q1 \v 21 Isaan waan Waaqa hin te'iniin akka \q2 ani hinaafu na godhanee, \q2 waaqota dharaa ifiitiin na aarsane. \q1 Anille kolbaa tuffatanteen \q2 akka isaan hinaafanu isaan hin godha; \q2 kolbaa hubantii hin qannelle'een \q2 isaan hin aarsa. \q1 \v 22 Mufii tiyyaan ibiddi waan bobe'eef, \q2 haga addee worri du'e jiruutitti hin guba. \q1 Lafaa fi waan isiin baattu hin fixa; \q2 hundee gaarotaalle hin guba. \b \q1 \v 23 «Ani badii isaan irratti hin tuula; \q2 daaya kiyya isaan irratti hin fixa. \q1 \v 24 Ani beela isaan balleessitu \q2 dhukkuba hamaa isaan fixuu fi \q2 balaa isaanitti hin fida; \q2 kalaadaa bineensotaa \q2 hadhaa dhudhuufa'aa isaanitti hin erga. \q1 \v 25 Karaa irratti \q2 shallaagaan ijoollee isaanii hin fixa; \q2 mana isaanii keessa bararaqi hin guuta. \q1 Dargaggootii fi durri, \q2 annoole'ee fi jaarsoleen hin dhumatan. \q1 \v 26 Ani: Isaan bittinneessee, \q2 akka nami isaan hin qaabanne \q2 hin godha jedheeraayyu. \q1 \v 27 Garuu nyaaphoti isaanii, \q2 ‹Irree teennaan injifanne malee, \q2 tana mara Mootiin Waan Maraa hin goone› jedhanee \q2 akka hin koorre diinota isaanii yaade. \b \q1 \v 28 «Isaan qarummaa hin qabanu; \q2 hubantiin isaan keessa hin jirtu. \q1 \v 29 Isaan adoo qaroolee te'anee jiraatanee, \q2 tana hubatanee, muummeen isaanii \q2 maan akka teetu hin beekaniiyyu. \q1 \v 30 Rassaan isaanii yoo isaan gurgure malee, \q2 Mootiin Waan Maraa yoo isaan lakkise malee, \q2 attamiin nami tokko nama kuma ari'uu dande'a ree? \q1 Yookiin attamiin nami kum kudhan nama lama baqata? \q1 \v 31 Rassaan isaanii akka rassaa keennaatii moti; \q2 diinoti keennaayyuu tana hin mormanu. \q1 \v 32 Muki woynii isaanii woynii Sodoomii irraa \q2 fichaa Gomora'aa keessaa waan dhufuuf, \q2 midhaan woynii isaanii hadhaa qaba; \q2 unkuruurri woynii isaanii hin hadhowa. \q1 \v 33 Daadhiin woynii isaanii \q2 akka hadhaa dhudhuufa'aatii fi \q2 akka hadhaa buutii hantu'uu ti. \q1 \v 34 Tun na biratti wolitti qabanteertii motii ree? \q2 Mana kuusa'aa kiyya itti cufee \q2 chaappaa itti dhoweeraa motii ree? \q1 \v 35 Haluun tiyya; ka haluu bayu ana; \q2 yennaa miilli isaanii mucucaatutti jira; \q1 Guyyaan badii isaanii waan dhikaateef, \q2 muraan ariifattee isaanitti hin dhutti» jedhe. \q1 \v 36 Garbooleen yookiin ka garboolee hin te'in \q2 nami tokkolle adoo hin hafin, \q2 hunni isaanii akka dhumatte yennaa dhagge, \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 kolbaa ifiitiif hin mura; \q2 tajaajiltoota ifiitiifille hin marara. \q1 \v 37 Inni, «Waaqoti isaanii, \q2 rassaan isaan itti baqatanu, \q2 \v 38 ka cooma ciincaa isaan dhikeessanu nyaatanu, \q2 ka kennansa daadhii woynii isaaniille unanu, \q2 ka'anee isaan qarqaaranuu ti me! \q2 Gollaa isaaniif te'anuu ti me! \b \q1 \v 39 «Amma ilaala'a; Waaqi anuma; \q2 ana malee Waaqi dhibiin hin jiru. \q1 Ani hin ijjeesa; hin jiraachisalle'e; \q2 ani hin madeessa; hin fayyisalle'e; \q2 harka kiyya keessaa ka baasuu dande'u hin jiru. \q1 \v 40 Ani harka kiyya gara ol-gubba'aa kaasee, \q2 ‹Ani haga bara baraa jiraata'a› jedhee daadimadhe. \q2 \v 41 Shallaagaa kiyya balaqqisaa qaradhee, \q2 harki kiyya mura'aaf yennaa isa qabatu, \q2 ani diinota kiyya haluu hin baya; \q2 worra na jibbuufille gatii hin kenna. \q1 \v 42 Daaya kiyya, \q2 dhiiga mataa sooressitoota diinotaa worra qalameetii fi \q2 worra booji'ameetiin hin macheessa; \q2 shallaagaan kiyyalle \q2 foon diinotaa hin nyaata» hin jedha. \b \q1 \v 43 Inni dhiiga tajaajiltoota ifii baasee, \q2 diinota ifiille haluu bayee, \q2 kolbaa ifiitii fi lafa ifiitiif \q2 gumaa cubbu'uu waan godheef, \q2 ee gosa biyya adda addaa \q2 kolbaa isaa woliin gammada'a. \p \v 44 Muuseen Iyaasuu ilma Nunii woliin dhufee, jecha faaruu tanaa mara kolba'aaf dubbise. \v 45 Muuseen jecha kana mara kolbaa Israa'elii maraaf dubbisee fixeen duuba, \v 46 isaaniin, «Jecha seera kanaa mara, ijoolleen teessan akka dansaa akka eegattu, akka isaan ajajjanu jecha ani adha isinitti himu kana mara gadhaa keessanitti qabadha'a; \v 47 jechi kun ka jiruu isiniif kennu malee, ka bu'aa hin qannee moti; jecha kanaan isin laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabatu'uuf jirtanu keessa bara dheeraa hin leetan» jedhe. \s1 Duuti Muuse'ee Durfamee Himame \p \v 48 Guyyuma san Mootiin Waan Maraa Muuse'een, \v 49 «Gaarota Abaariimii keessaa, gara gaara Neboo, ka lafa Mo'aabii ta fuullee Yeriko'oo jirtu keessa jirutti ol bayiitii, lafa Kana'aanii ta ani Israa'elootaaf kennu san ilaali. \v 50 Akkuma obboleessi keeti Aaron gaara Hoorii irratti du'ee, abbootii ifii ta durii bira dhaqe, atille gaara itti ol baatu san irratti duutee, abbootii teeti ta durii bira hin dhaxxa. \v 51 Tun isin lamaanuu Israa'eloota duratti bisaan Mariiba'aa ka qachaa Qaadeshii biratti, goomolee Ziinii keessatti waan na yakkitanee fi Israa'eloota oddu'utti woyyummaa tiyya waan hin ulfeessiniif tun teeti. \v 52 Tanaaf ati lafa san ifiin duratti hin dhaggita malee, lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kennu sanitti hin galtu» jedhe. \c 33 \s1 Muuseen Gosoota Israa'elii Eebbise \p \v 1 Nami Waaqaa Muuseen adoo hin du'iniin dura eebbi inni Israa'eloota eebbise ta asii gad jiru. \b \q1 \v 2 Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irraa dhufee, \q2 akka aduu ganamaa Se'iir irraa isaaniif baye; \q2 gaara Phaaraanii irralle'ee isaaniif isse; \q2 inni ergantoota ifii kumaatama woliin dhufe; \q2 midda isaatitti ibiddi gabbatu jiraayyu. \q1 \v 3 Dhuguma inni kolbaa ifii hin jaalata; \q2 woyyooti marti harka isaa \q2 keessa jiran. \q1 Isaan martinuu miila isaa jalatti hin sagadan; \q2 isa irralle'ee gorsa hin fudhatan. \q1 \v 4 Seerri Muuseen kenne kun, \q2 qooda wolde'a Yaaqoobii ti. \q1 \v 5 Yennaa sooressitooti kolba'aa \q2 gosa Israa'elii mara woliin wolitti qabamanu, \q2 Mootiin Waan Maraa Yeshuuruun irratti mootii te'e. \p \v 6 Muuseen marroo gosa Ruubenii dubbatee, \q2 «Gosi Ruubenii le'uu ti malee, hin du'in. \q2 Laakkossi gosa isaa hin diqqaatin» jedhe. \p \v 7 Marroo Yihuda'aa, \q2 «Ee Mootii Waan Maraa, \q2 iyya gosa Yihuda'aa dhage'i. \q2 Gara kolbaa isaanii isaan fidi! \q1 Harkuma keetiin isaan irraa dhooggi; \q2 yennaa isaan diinota ifii woliin wol lolanu \q2 ati isaan qarqaar» jedhe. \p \v 8 Marroo gosa Lewwi'ii, \q2 «Uriimii fi Tumiim ta fedhii teeti ittiin beekanu, \q2 woyyoota teeti gosa Lewwi'iitiif kenniteerta. \q1 Ati Maasa'atti haga isaan ilaaltee, \q2 bisaan Mariibaa biratti isaan woliin mormite. \q1 \v 9 Isaan si'iif jedhanee \q2 haajaa abba'aa fi haadha ifii lakkisanee, \q2 fira ifiitii fi ijoollee ifii dedhane. \q1 Isaan jecha keetiif ajajamanee, \q2 gondooroo teeti eegataneeran. \q1 \v 10 Isaan sirna keeti Yaaqoob \q2 seera keetille Israa'el hin barsiisan. \q1 Isaan hixaana si duratti \q2 kennansa gubamu duudiille \q2 addee ciinca'aa keeti irratti hin dhikeessan. \q1 \v 11 Ee Mootii Waan Maraa, hunna isaanii eebbis; \q2 hujii harka isaaniititti gammad. \q1 Worra isaan irratti ka'u dhowi; \q2 diinoti isaanii deebi'anee akka hin kaane \q2 hidha isaanii kuti» jedhe. \p \v 12 Marroo gosa Beniyaamii, \q2 «Ka Mootiin Waan Maraa jaalatu, \q2 sodaa malee jiraata. \q1 Inni guyyaa mara itti waan gombobuuf, \q2 bobaa isaa jala jiraata» jedhe. \q1 \v 13 Marroo gosa Yoseefii, \q1 «Mootiin Waan Maraa \q2 lafa isaanii fixeensa ol gubba'aatiin \q2 bisaan lafa gad fagoo keessa jirulle'een, \q2 \v 14 midhaan filatamaa adu'uun geyeen, \q2 ka dansaa yennaa yenna'aan galfatanuun, \q2 \v 15 waan hedduu dansaa \q2 gaara durii irraa dhaggamanuun, \q2 waan hedduu dansaa \q2 koobota bara baraa irraa dhaggamanulle'een, \q2 \v 16 waan guddoo dansaa latti baattuun, \q2 Mootii Waan Maraa \q2 ka haxanxarii bobeettu keessatti dubbateen \q2 eebbifantuu ti. \q1 Tun marti Yoseefii obboleeyyan ifii keessaa \q2 bulchaa te'eef teetuu ti. \q1 \v 17 Arnyi Yoseefii akka korma qara dhalatee ti; \q2 gaafoti isaa akka gaafota gafarsaa ti; \q2 gaafota ifii saniin gosa biyya adda addaa \q2 haga qaccee lafaatitti hin woraana. \q1 Efreem ka akkasii kuma kudhan qaba; \q2 Minaaseelle kuma hedduu qaba» jedhe. \q1 \v 18 Marroo gosa Zebuloonii, \q2 «Ee Zebuloon, ati bayiisa teetitti, \q2 ee Yisaakor, atille \q2 dunkaanii teeti keessatti gammadi. \q1 \v 19 Isaan gosa hedduu gara gaaraa hin waaman; \q2 achitti kennansa balchumma'aa hin dhikeessan. \q1 Qabeenna abbaaya'aa hin xuuxan; \q2 karra maansa keessatti dhokatelle hin baafatan» jedhe. \q1 \v 20 Marroo gosa Gaadii, \q2 «Waaqi lafa Gaadii badhise ka eebbifame; \q2 Isaan akka neenqaa achi le'anee, \q2 harkaa fi mataa hin kukkutan. \q1 \v 21 Qoodi sooressumma'aa isaaniif waan kennameef, \q2 lafa laayyoo hin filatan. \q1 Sooreyyiin kolba'aa yennaa wolitti qabamane, \q2 isaan fedha Mootii Waan Maraa qajeela'aa fi \q2 muraa isaa Israa'eliif muummessane» jedhe. \q1 \v 22 Marroo gosa Daanii, \q2 «Daan akka ilmoolee neenqaa, \q2 ta Baashaan keessaa utaaltuu ti» jedhe. \q1 \v 23 Marroo gosa Niftaalemii, \q2 «Ee Niftaalem isin Mootii Waan Maraatiin \q2 fudhatama guddaa qaddan; \q2 eebba isaatille'een guutantaneertan; \q2 isin lafa haga kibba abbaayaa Galiila'aa \q2 hin qabatan» jedhe. \q1 \v 24 Marroo gosa Asheerii, \q2 «Gosi Asheerii gosa dhibii caalaa ta eebbifante. \q1 Obboleeyyan isaanii isaan jaalatanuu ti; \q2 latti isaanii muka ejersaatiin ta tolte teetuu ti. \q1 \v 25 Danqaraan karra isaanii \q2 sibiilaa fi sageettuu teetuu ti; \q2 nageenni isaanii bara isaanii woliin qixxawuu ti. \b \q1 \v 26 «Ee Yeshuuruun, \q2 Waaqi akka Waaqa keessanii \q2 ka isin qarqaariisaaf ol-gubbaa irra \q2 duumensa irralle \q2 arnya ifiitiin deemu tokkolle hin jiru. \q1 \v 27 Waaqi bara baraa addee isin itti baqattanu; \q2 irreen isaa ta bara baraalle isin utuddi. \q1 Inni diinota keessan isin duraa ari'aa, \q2 ‹Isaan balleessa'a› hin jedha. \q1 \v 28 Kolbaan Israa'elii qofii ifii \q2 bidhaa malee jiraatti; \q2 sanyiin Yaaqoobiille, \q2 lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii keessa, \q2 addee ol-gubbaan fixeensa gad coccossitu keessa \q2 nageyaan jiraatti. \q1 \v 29 Ee kolbaa Israa'elii, isin gammada'a! \q2 Kolbaan akka keessanii \q2 ta Mootiin Waan Maraa baase tam? \q1 Wonte'ee fi qarqaarsi keessan, \q2 shallaagaan keessan ka ulfinnaalle isa; \q2 diinoti keeti si duratti hin hohollatan, \q2 isin isaan irra hin sirbitan» jedhe. \c 34 \s1 Du'a Muuse'ee \p \v 1 Achiin duuba Muuseen dirree Mo'aabii ta gara gaara Neboo irraa gara qaccee Phiisga'aa irraa fuullee Yeriko'oo jirtuu ol baye. Achitti Mootiin Waan Maraa lafa mara, Giil'aadii haga Daanii, \v 2 lafa Niftaalemii mara, lafa Efreemiitii fi Minaase'ee, lafa Yihuda'aa mara haga abbaayaa gara aduun seentuu jirtu, \v 3 lafa kibba Yihuda'aa\f + \fr 34:3 \fr*\fqa Lafa kibba Yihuda'aa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Negeb \fqa*\ft jedha\ft*\f*, lafa dhooqa Yeriko'oo ta qachaa muka meexxi'ii irraa haga Zo'aarii jirtu mara itti mudhise. \v 4 Saniin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Latti tun ta ani Abrahaamiin, Yisihaqiin, Yaaqoobille'een, ‹Ani sanyii teessaniif hin kenna› jedhee waadaa gale; ati ila teetiin dhaggiteerta; ammoo itti hin galtu» jedhe. \v 5 Achiin duuba Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa akkuma Mootiin Waan Maraa jedhe san lafa Mo'aabiititti du'e. \v 6 Mootiin Waan Maraa dhooqa lafa Mo'aabii fuullee Bet-Phe'orititti isa awwaale; te'uu malee haga adhaalle nami addee awwaala isaa beeku hin jiru. \v 7 Muuseen yennaa du'e nama woggaa dhibbaa fi diddamaa ti; ilti isaa hin garjine; hunni isaalle hin dadhanne. \v 8 Israa'elooti dirree Mo'aabiititti haga guyyaa soddomaa Muuse'eef bowaa gaddane; achiin duuba nageeffatane. \p \v 9 Muuseen harka ifii Iyaasuu ilma Nunii irra waan keyeef, ayyaanni qaroomaa isa keessa guuteeyyu. Maarre Israa'elooti isa dhage'anee, waan Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajaje godhane. \p \v 10 Eega san Israa'el keessaa raagaan akka Muuse'ee ka Mootiin Waan Maraa fuula ifii duratti dubbise, \v 11 ka beessisaa fi maadee mara biyya Gibxi'iititti, Fara'oon irratti, qondaaltota isaa maraa fi lafa isaa mara irratti akka hujuuf Mootiin Waan Maraa erge, \v 12 hunna guddoo Muuseen kolbaa Israa'elii mara duratti mudhise yookiin waan sodaachittuu inni huje, ka muummesse tokkolle hin jiru.