\id DAN - Guji Bible \ide UTF-8 \h Daani'elii Raagichaa \toc1 Kitaaba Daani'elii Raagichaa \toc2 Daani'elii Raagichaa \toc3 Dan. \mt1 Kitaaba Daani'elii Raagichaa \imt Seensa \ip Kitaab Daani'elii Raagichaa bara Yihudooti bulchaa mooticha worra Yihudoota hin te'inii jalatti yennaa ariisa'aa fi miidha'aan guddoo rakkatiisatti jiranu barreeffame. Barreessaan dabarsi'ii fi waan mudhi'iin dhaggameen, akka Waaqi bulchaa isaan cunqursu balleessee, baallii kolbaa ifii adde'etti deebisu kolbaa yennaa sanii addi'iin jajjabeessa. \ip Kitaabichi kutaa gugurdoo lama qaba (1) Daani'el fi worri diqqaan isa woliin booji'ameeru, dhugeeffannaa jadduu Waaqa irratti qabanuu fi ajajamiisa isaaf qabanuun diinni isaanii akka fokkifate dabarsii dubbattu; dabarsiin tun bara mootummaa mootii mootota Baabiloniitii fi Faaresii muummeffante. (2) Mudhiin Daani'el dhagge ta adda addaa yoo teetu, isaanille mootummaa mootii moototaa ta Baabilonii irraa jalqabee mootummaan mootii moototaa ta adda addaa kakka'aa akka jiganuu fi bulchaan ka Yihudootaa hin te'in balleeffamee, kolbaan Waaqaa addee duriititti akka deebitu fakki'iin ka mudhatane. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Daani'elii fi Jaalota isaa\ior 1:1-21\ior* \io1 Oojjuu Mooticha Nebukadnezaarii\ior 2:1-49\ior* \io1 Waaqi Sidiraaqi, Misaaqii fi Abidnaagoo ibidda bobe'u keessatti eege\ior 3:1-30\ior* \io1 Nebukadnezaar woggaa torbaaf mootummaa ifii dhabe\ior 4:1-37\ior* \io1 Mooticha Belshaazaarii fi barreeffama dhaaba manaa irraa\ior 5:1-31\ior* \io1 Waaqi afaan neenqaa keessaa Daani'el hambure\ior 6:1-28\ior* \io1 Daani'el bineensota afur mudhi'iin dhagge\ior 7:1-28\ior* \io1 Mudhii Daani'el dhagge ta korbeessa hoole'eetii fi re'e'ee \ior 8:1-27\ior* \io1 Daani'el kolba'aaf daadimate\ior 9:1-27\ior* \io1 Ergamaa Waaqaa ka Daani'el laga Xeegrosii biratti dhagge\ior 10:1—11:45\ior* \io1 Marroo bara muumme'ee\ior 12:1-13\ior* \c 1 \s1 Dabarsii Daani'eliitii Fi Jaalota Isaa \p \v 1 Yehoyaaqiim biyya Yihuda'aa irratti mootii te'ee, woggaa sadeesso'ootitti, mootiin biyya Baabilonii Nebukadnezaar dhufee qachaa Yerusaalemii marse. \v 2 Goottaan biyya Yihuda'aa Yehoyaaqiimii fi meya Galma Waaqaa keessaa gamisa harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne; Nebukadnezaarille worra booji'e gara biyya ifii ta «Shiinaar» jedhantuu geessee, meya Galma Waaqaa keessaa booji'elle mana waaqota ifii ka Baabilon keessa jiru keessa keye. \p \v 3 Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar worra Israa'elootaa ka booji'ame keessaa maatii moototaatii fi qondaaltotaa keessaa dargaggoota dhiiraa garii filee akka fiduuf bulchaa guneessota ifii Ashfenaaz ajaje; \v 4 dargaggooti filamanu kun worra nafa ifii irratti fafa hin qanne, worra dadansaa, worra ogummaa mara qalbeeffatu, worra qaroo, worra hubatiisaaf ariifatu, mana mootumma'aa keessa tajaajiliisaaf worra dandeettii qabu te'uu qaban; afaan worra Baabilonii dubbisiisaa fi barreessiisa akka isaan barsiisuufille Ashfenaaz ajaje. \v 5 Mootichi Nebukadnezaar guyyuma guyya'aan sagalee ifiif nyaatu irraa, daadhii woyni'ii ta ifiif unu irraa isaaniifille akka kennamu ajaje; isaan woggaa sadiif leenjifamaneen duuba, mooticha tajaajiliisaaf seenan. \v 6 Worra gosa Yihuda'aa keessaa worri filatame Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariya'a. \v 7 Bulchaan qondaaltota mootichaa maqaa isaanii jijjiiree, Daani'eliin «Belxishaazaar», Hanaaniya'aan «Shaadraak», Mishaa'eliin «Meshaak», Azaariya'aan «Abedneegoo» jedhee moggaase. \p \v 8 Daani'el sagalee mootichaa nyaatiisaan, daadhii woyni'ii isaalle uniisaan akka ifi hin batteessine murteeffate; maarre akka ifi hin batteessineef, yaada kana akka isaaf eeyyamuuf Ashefenaaz gaafate. \v 9 Waaqi akka Daani'el qondaalticha duratti fudhatama dhaggatuu fi akka inni gadhaa isaaf laafu godhe. \v 10 Te'uu male bulchaan qondaaltotaa mooticha waan sodaateef, Daani'eliin, «Ani mooticha goottaa kiyya ka sagale'ee fi daadhii woyni'ii isiniif ajaje hin sodaadha; isin dargaggoota dhibi'iin caalaa yoo huqqatanee daalachootane mootichi na hin ijjeesa» jedhe. \p \v 11 Achiin duuba Daani'el gara namicha Ashefenaaz eedduu Daani'elii, Hanaaniya'aa, Miishaa'eliitii fi Azaariya'aa godhe sanii dhaqee, \v 12 «Maganne'ee, akka nyaannuuf waan ficha'atti dhaabamuu\f + \fr 1:12 \fr*\fqa Waan ficha'atti dhaabamu: \fqa*\ft Kudura'aa fi muduraa jechuu isaa ti.\ft*\f* fi bisaan unnu callaa guyyaa kudhaniif nuu kenniitii, nu tajaajiltoota teeti waan teenu ilaal. \v 13 Achiin duuba bifa keennaa fi bifa dargaggoota sagalee mootichaa nyaatanuu wol bira qabiitii ilaal; waan dhaggiteen nu tajaajiltoota teeti waan feete godhi» jedhe. \p \v 14 Maarre innille yaada kana isaaniin wolii galee guyyaa kudhaniif waan isaan te'anu ilaale. \v 15 Guyyaa kudhaniin duuba bifi isaaniitiif gabbinni nafa isaanii, dargaggoota sagalee mootichaa nyaatanu caalee dhaggame. \v 16 Maarre namichi isaan eegu sun, guyyaa saniin jalqabee, sagalee dansa'aa fi daadhii woyni'ii akka unanuuf ta mana mootumma'aa irraa isaaniif kennantu dhooggee, waan ficha'atti dhaabamu callaa isaaniif kenne. \p \v 17 Waaqi dargaggoota arfan tanaaf beekkumsa, dandeettii barreessiisa maraatii fi qarummaa isaaniif kenne; Daani'el ammoo mudhi'ii fi oojjuu mara hiikiisaafille dandeettii qabaayyu. \p \v 18 Barri akka isaan dhikaatanuuf mootichi murteesse geennaan, bulchaan qondaaltotaa Nebukadnezaar dura isaan dhikeesse. \v 19 Mootichille yennaa isaan mara dubbise, isaan mara keessaa ka akka Daani'elii, Hanaaniya'aa, Miishaa'eliitii fi Azaariya'aa hin dhagganne; tanaaf isaan akka mooticha tajaajilanuuf filamane. \v 20 Marroo qarumma'aatii fi hubanti'ii mara waan ilaalu, mootichi yennaa isaan gaafate, worra xanu fi worra moru ka mootummaa isaa keessatti dhaggamanu mara keessaa dachaa kudhan caalanee dhagge. \v 21 Qiiros mootii te'ee haga woggaa tokkeesso'ootitti Daani'el achuma mana mootumma'aa keessa tajaajilaa ture. \c 2 \s1 Oojjuu Nebukadnezaarii \p \v 1 Nebukadnezaar mootii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti oojjuu guddoo isa rakkittee hirriiba dhooggitu oojjate. \v 2 Maarre oojjuu inni oojjate akka isaaf hiikanuuf worra xanu, worra moru, worra falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara isaa akka waamamanu ajaje; isaanille dhufanee mooticha dura yennaa dhaabbatane, \v 3 inni isaaniin, «Ani oojjuu oojjadhee, hiikkaan oojjuu tanaa beekiisaaf guddoo rakkadheera» jedhe. \v 4 Achiin duuba isaan afaan Aaramiitiin mootichaan, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! Oojjuu teeti nu tajaajiltoota teetitti himi; nuutille hiikkaa isi'ii sitti hin beessinna» jedhane. \p \v 5 Mootichille deebisee isaaniin, «Isin oojjuu tiyyaa fi hiikkaa isi'ii yoo natti hin himin, harki fi miilli keessan akka isin irraa ciramu, manni keessanille diigamee tuulaa kosi'ii akka te'u jabeessee murteeffadheera. \v 6 Oojjuu tiyyaa fi hiikkaa isi'ii yoo natti beessittane ammoo kennansaa fi badhaasa, ulfinna guddaalle na irraa hin fudhattan; tanaaf oojjuu tiyya hiikkaa isi'ii woliinuu natti hima'a» jedhe. \p \v 7 Isaan ammalle, «Mooticha keenna, oojjuu teeti nu tajaajiltoota teetitti himi; nuutille hiikkaa isi'ii sitti hin beessinna» jedhanee deebisane. \p \v 8 Mootichi deebisee, «Ani jabeessee akka murteeffadhe waan beettanuuf, yennaa dheerefatiisaaf akka wodhaaniisatti jirtanu hubadheera; \v 9 isin oojjuu tiyya yoo natti hin himin, adabbii gosa tokkootitti isin mara eegata; isin haalli waan jijjiiramu seetanee, dubbii sobaatii fi dokonkorsitu natti himiisaaf wolii galtane; tanaaf oojjuu tiyya natti hima'a; anille hiikkaa isi'ii akka isin dandeettanu tanaan beeka» jedhe. \p \v 10 Isaanille deebisanee, «Biyya lafaa tana keessa waan mootichi gaafate deebisuu ka dande'u tokkolle hin jiru; tanaan qaralle mootiin akka fedhe gudda'aa fi hunnaamessa te'ulle waan akka kanaa worra moru, worra xanu, worra falfaluu fi worra waan dhossa'aa himu gaafatee hin beeku. \v 11 Wonni mootichi gaafatu sun guddoo rakkisa'a; waaqota odduu namaa hin leene malee, eennulle gaaffii san mootichaaf beessisuu hin dande'u» jedhane. \p \v 12 Dubbiin tun waan mooticha aarsitee bobeessiteef, inni qarooleen biyya Baabilonii marti akka ijjeefamanu ajaje. \v 13 Maarre qarooleen akka ijjeefamanuuf ajaji baanaan, Daani'elii fi jaalota isaa ijjeesiisaaf barbaadane. \s1 Waaqi Hiikkaa Oojju'uu Daani'elitti Hime \p \v 14 Achiin duuba ajajaan eeddota mootichaa Ariiyok, qaroolee biyya Baabilonii ijjeesiisaaf yennaa dhufe, Daani'el qarumma'aa fi malaan isa dubbisee, \v 15 Ariiyokii ajajaa eeddota mootichaa saniin, «Mootichi ajaja jabaa kana maaf baase?» jedhee gaafate; Ariiyokille dubbii san Daani'elitti beessise. \p \v 16 Maarre Daani'el gara mootichaa ol seenee, oojjuu isaa hiikiisaaf akka mootichi yennaa isaaf kennu gaafate. \v 17 Achiin duuba Daani'el gara mana ifii deebi'ee, dubbii san jaalota ifii Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariya'atti beessisee, \v 18 marroo dhossaa dubbii tanaatiifille, innii fi jaaloti isaa qaroolee biyya Baabilonii woliin akka hin banneef, Waaqa ol-gubba'aa irraa marartii akka gaafatanu itti hime. \v 19 Halkan keessa dubbiin dhossa'aa sun mudhi'iin Daani'elitti mudhatte; achiin duuba Daani'eli Waaqa ol-gubba'aa leellifatee, \q1 \v 20 «Qarumma'aa fi hunni ta isaa waan teeteef, \q2 maqaan Waaqaa haga bara baraa leellifamuu ti! \q1 \v 21 Inni yenna'aa fi bara hin jijjiira; \q2 mootota mootummaa irraa hin buusa; \q2 hin mootonsalle'e; \q2 worra qaroolle'eef qarummaa, \q2 worra hubatuuf beekkumsa ka kennu isa. \q1 \v 22 Inni waan qilee keessaatii fi \q2 waan dhokateeru hin mudhisa; \q2 inni waan dukkana keessa jiru hin beeka; \q2 ifille isa woliin le'a. \q1 \v 23 Ee Waaqa abbootii tiyyaa, \q2 ati qarumma'aa fi hunna \q2 waan naaf kenniteef, \q2 waan nuuti si gaafannelle \q2 waan natti beessitteef, \q2 waan mootichi beekiisaaf rakkatelle \q2 natti waan beessitteef, \q2 ani si galateeffadha; si leellifadhalle'e» jedhe. \s1 Daani'el Oojjuu Hiike \p \v 24 Achiin duuba Daani'el gara Ariiyokii ka mootichi qaroolee Baabilon akka balleessuuf ajajee dhaqee, «Qaroolee Baabilonii hin balleessin; gara mootichaa na geessi; anille mootichaaf oojjuu isaa hin hiika» jedhe. \p \v 25 Yennuma san Ariiyok ariifatee Daani'el gara mootichaa geessee, «Ani namoota biyya Yihuda'aa irra booji'amane oddu'uu nama hiikkaa oojjuu teetii si'iif himuu dande'u dhaggeera» jedhe. \p \v 26 Mootichi Daani'elii «Belxishaazaar» jedhamee moggaafameen, «Ati oojjuu ani oojjadhee fi hiikkaa isi'ii natti himuu dandeettaa?» jedhe. \p \v 27 Daani'elille deebisee, «Dhossaa ati mootichi gaafatte tana, qarooleen, worri moru, worri xanu fi worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa moru, dande'ee si'itti hin himu; \v 28 ammoo ka waan dhossa'aa mudhisu Waaqi tokkochi ol-gubbaa jira; inni waan gara duraa te'uuf jiru si mooticha Nebukadnezaaritti mudhiseera; taqee irra irkattee oojjuu ati oojjatee fi mudhii ati dhaggite ta asii gadi jirtu: \p \v 29 «Ee mooticha, ati taqee teeti irra adoo irkatteertuu waan gara duraa te'uuf jiru yaaddeeyyu; tanaaf Waaqi waan dhossa'aa mudhisu waan gara duraa te'uu jiru si'itti mudhise. \v 30 Wonni mudhiin tun natti mudhateef, waan ani nama duudii caalaa qarummaa qabadheef moti; ammoo hiikkaa oojjuu sanii akka ati beettuu fi yaadaa qalbii teetitti itti rakkate san, akka hubatuuf natti mudhatte. \p \v 31 «Ee mooticha, ati oojju'uun fakkii guddoo calalaxxu'uu fi sodaachittu takka si dura dhaabbatteertuun dhaggite; \v 32 mataan fakkii sanii worqii qulluu irraa, qomii fi harki isi'ii lamaanuu meetii irraa, gadha'aa fi gudeedi isi'ii sageettuu irraa, \v 33 sarbaan isi'ii sibiila irraa, miila isi'ii gar tokko sibiila irraa, gar kuun faara irraa hujameeraayyu. \v 34 Adoo ati fakkii san ilaaliisatti jirtuu, adoo harki namaa hin tuqin dhakaan guddaan fottoqee, miila fakkii sibiilaa fi faara irraa hujantetti bu'ee caccasse. \v 35 Yennuma san sibiilli, faarri, sageettuun, meeti'ii fi worqiin bututanee, akka hicaacee bonaa ta eeddummee keessaa te'ane; waan tokkolle adoo hin hamburin qilleensi isaan haxowee balleesse; dhakaan fottoqee fakki'itti bu'e sun ammoo, gaara guddaa te'ee lafa duudii guute. \p \v 36 «Oojjuun ati oojjatte tana; hiikkaan isi'iille ta asii gadii jirtu: \v 37 Ee mooticha, ati mootii moototaa ti; Waaqi ol-gubba'aa mootummaa, hunna, jabeennaa fi ulfinna si'iif kenneera; \v 38 inni ilmaan namaa, horii, bineensotaa fi sinbirroota addee isaan jiranu maratti isaan mara irratti bulchaa si godheera. Tanaaf mataan fakki'ii ka worqi'ii sun si'i. \v 39 Si'iin duuba mootummaan mootummaa teetii gadii hin kaati; itti aantee mootummaan sageettu'uun fakkeeffantu ta sadeesso'oo ta lafa duudii bulchitu hin kaati. \v 40 Dhuma irratti mootummaan arfeesso'oo ta akka sibiilaa jabaattu, ta waan mara caccassituu fi butuchitu hin kaati; akkuma sibiilli waan mara caccassee butuchu, mootummaan tun moototaa isi'iin qaraa mara caccassitee hin butuchiti. \v 41 Akkuma oojjuu teetiin fakkii miilli isi'ii gar tokkoo fi qubi miila isi'ii gar tokko sibiila irraa, gar kuun ammoo faara irraa hujanteertuun dhaggite, mootummaan sun ta qoqoodante hin teeti; sibiilli faara woliin makameeruun akkuma dhaggite, mootummaan sun gar tokko akka sibiilaa hin jabaatti. \v 42 Akkuma qubi miila isi'ii gari tokko sibiila, gari kuun faara te'e, mootummaan sun gari tokko jadduu, gar kuun dadhadduu hin teeti. \v 43 Sibiillii fi faarri makameeruun akkuma dhaggite, kolbaan mootummaa lamaan saniille fuudhaa fi heerumaan wolitti hin makanti; te'uu malee akkuma sibiilli faaraan wolitti makamee woli hin qabanne, isaanille tokkumma'aan hin le'anu. \v 44 Bara mootota saniititti Waaqi ol-gubba'aa mootummaa ijjumaa hin bannee fi ta kolbaa dhibi'iif hin kennanne hin ijaara; isiin mootummoota san duudii ijjumaa hin butuchiti; isiin ammoo haga bara baraa jabaattee dhaabbatti. \v 45 Mootummaan tun ta akkuma ati dhakaa harki namaa adoo hin tuqin gaara irraa fottoqee fakkii sibiilaan, sageettu'uun, faaraan, meeti'ii fi worqi'iin hujante caccassee butuche, oojju'uun dhaggitee ti. Waaqi guddaan waan gara duraa te'uu jiru si mootichatti mudhiseera; oojjuun sun dhuga'a; hiikkaan isi'iille ta addatante» jedhe. \s1 Mootichi Daani'el Badhaase \p \v 46 Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar fuulaan lafatti gad gombifamee, Daani'eliif sagade; kennansa midhaaniitii fi hixaanaa akka isaaf dhikeessanuufille ajaje. \v 47 Mootichi Daani'eliin, «Eega ati dhossaa tana mudhisuu dandeette, dhugumaan Waaqi keessan waaqota irratti Waaqa; mootota irratti Gootta'a; waan dhossa'aa duudiille ka mudhisu» jedhe. \v 48 Achiin duuba mootichi Daani'eliif, kennansa gugurdaa hedduu kennee, kutaa biyya Baabilonii duudii irratti bulchaa isa godhe; worra qaroolee Baabilonii irralle'etti itti gaafatamaa isa godhe. \v 49 Gaaffii Daani'eliitiin mootichi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo biyya mootummaa Baabilonii duudii irratti bulchoota isaan godhe; Daani'el ammoo mana mootumma'aa keessatti hafe. \c 3 \s1 Nabukadnezaar Akka Nami Duudiin Fakkii Worqi'ii Waaqonfatu Ajaje \p \v 1 Mootichi Nabukadnezaar fakkii worqi'ii ta hojjaan isi'ii ciqilee jaatamaatii fi badhinni isi'ii ciqilee jaa hujisiisee, kutaa biyya Baabilonii keessaa dirree afaan isaaniitiin, «Duraa» jedhantu keessa dhaabe. \v 2 Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitooti, gorsitooti, worri beesee qabatu, abbootiin mura'aa, abbootiin seeraatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa keessa jirtu duudiin eebba fakkii inni dhaabee irratti akka dhaggamanuuf waansise. \v 3 Maarre sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, gorsitooti, worri beesee qabatu, abbootiin mura'aa, abbootiin seeraatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa keessa jirtu duudiin, eebba fakkii mootichi Nabukadnezaar dhaabeef wolitti qabamanee fakkii san dura dhaabbatane. \v 4 Achiin duuba nami lassii lassu qoonqoo guddo'oon, «Ee kolbaa heddu'u, gosi biyya adda addaatii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattanu duudiin dhage'a'a! \v 5 Yennaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii dhageettanu, fakkii worqi'ii ta mootichi Nebukadnezaar dhaabeef gad jiga'aatii sagada'a. \v 6 Nami gad jigee hin saganne yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa darbama» jedhe. \v 7 Tanaaf isaan duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii akkuma dhage'aneen, kolbaan duudiin, gosi biyya adda addaatii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu, fakkii worqi'ii ta mootichi Nebukadnezaar dhaabeef gad jiganee sagadane. \s1 Jaaloti Daani'elii Sadiin Himatamane \p \v 8 Yennaa san worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara mootichaa dhikaatee, Yihudoota himate. \v 9 Isaan mooticha Nebukadnezaariin, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! \v 10 Ee mooticha, ati ‹Nami duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhage'u fakkii worqi'iitiif jigee sagaduu ti; \v 11 eennulle nami jigee hin sagadin bobe'a ibiddaa keessa darbamuu ti› jettee ajaja baatteerta. \v 12 Worri Yihudootaa ka ati kutaa biyya Baabilonii akka bulchanuuf muudde, Shaadraak, Meshaak fi Abed-neegoon, ajaja keeti hin muummessanu; isaan waaqota keeti hin tajaajilanu, hin waaqonfatanulle'e» jedhane. \p \v 13 Mootichi Nebukadnezaar yennaa tana dhage'e guddoo aaree, Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo gara isaa akka fidanu ajaje; isaanille mooticha duratti isaan dhikeessane. \v 14 Nebukadnezaar isaaniin, «Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neego'o! Isin dhugumaan waaqota kiyya hin tajaajiltanuu? Fakkii worqi'ii ta ani dhaabelle hin waaqonfattanuu? \v 15 Ammaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhageettanu, fakkii worqi'ii ta ani dhaabeef sagaddanee yoo waaqonfattane guddoo dansa'a. Yoo isi'iif sagaduu dhaddane ammoo, yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa hin darbatantan; waaqi harka kiyya keessaa isin baasu dande'u eennu?» jedhe. \p \v 16 Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoon mootichaan, «Ee Nebukadnezaar, waan kana irratti nuuti deebii falmataa siif kennuu hin barbaachisu. \v 17 Ee mooticha, nuuti bobe'a ibiddaa keessatti yoo darbatanelle, Waaqi nuuti tajaajillu nu baasuu hin dande'a; harka keeti keessalle'ee nu hin baasa. \v 18 Yoo nu baasuu dhabelle, nuuti waaqota keeti akka hin tajaajille, fakkii worqi'ii ta dhaaddelle akka hin waaqonfanne beeki» jedhane. \s1 Jaaloti Daani'elii Sadiin Bobe'a Ibiddaatitti Darbatamane \p \v 19 Achiin duuba Nebukadnezaar guddoo aaree, fuulli isaalle Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neego'otti jijjiirame; inni bobe'a ibiddaa ka dur gabbatu caalaa dachaa torba akka gabbisanu ajaje. \v 20 Inni loltoota ifii keessaa worri jajjabi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo hidhanee, bobe'a ibiddaatitti akka darbanuuf ajaje. \v 21 Maarre namooti sadiin sun akkuma uffatanee jiranuun woyaa isaanii, lukee isaanii, marata mata'aa woliin hidhamanee, bobe'a ibiddaatitti darbamane. \v 22 Ajaji mootichaa jabaa waan te'eef, ibiddi akka malee gabbatiisatti waan jiruuf, bobeenni ibiddaa worra Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo geessee ibiddatti darbe gubee ijjeese. \v 23 Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoon isaan sadiinuu akkuma hidhamanee jiranuun bobe'a ibiddaa san keessatti jigane. \p \v 24 Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar maadeffatee ariifatee ol ka'ee, «Namooti nuuti hiinee ibidda keessa darbine sadii motii?» jedhee gorsitoota ifii gaafate. \p Isaanille deebisanee mootichaan, «Eeti'i» jedhane. \p \v 25 Innille deebisee, «Ani ammoo kunoo, namooti afur hiikamanee, adoo hin miidhamin ibidda keessa deddeemanuun dhagga; ka arfeesso'oolle ilma waaqotaa fakkaata» jedhe. \s1 Namooti Sadiin Ibidda Keessaa Bayanee Bulchitoota Te'ane \p \v 26 Nebukadnezaar gara balbala bobe'a ibiddaa dhikaatee, «Isin tajaajiltoota Waaqa ol-aana'aa Shaadraak! Meshaak! Abed-neego'o! Kowa'a as baya'a!» jedhe. Isaanille ibidda keessaa bayane. \v 27 Sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti mana mootumma'aa adaala isaaniititti wolitti qabamanee, ibiddi nafa namoota sanii akka hin miidhin, rifeensi mataa isaanii akka hin gubatin, woyaan isaanii akka hin gubatinii fi fooleen ibiddaatuu akka isaan irraa hin dhowin dhaggane. \p \v 28 Achiin duuba Nebukadnezaar, «Waaqi Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo ka ergamaa ifii ergee, tajaajiltoota ifii ta isatti addattu ka baase eebbifamuu ti. Isaan Waaqa ifiititti addatanee, ajaja mootichaa didanee, Waaqa ifii malee, waaqota dhibii tajaajiliisa yookiin waaqonfatiisaan irra, nafi isaanii akka gubatuuf dabarsanee kennane. \p \v 29 «Tanaaf akka kana ka baasuu dande'u waaqi dhibiin waan hin jirreef, kolbaan, gosi duudi'ii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu duudiin, ta Waaqa Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo faanshessitu, harkii fi miilli isaanii cicciramee, manni isaanii diigamee tuulaa kosi'ii akka te'uuf, ani ajaja baaseera» jedhe. \v 30 Achiin duuba Mootichi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo kutaa biyya Baabilonii irratti bulchitoota godhe. \c 4 \s1 Oojjuu Nebukadnezaarii Ta Lammeesso'oo \p \v 1 Mootichi Nebukadnezaar gara kolbaa heddu'uu, gosa biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu ta biyya lafaa duudii keessa leetuu ergaa ergee: \p «Nageenni isiniif te'u! \v 2 Ani bilbaasaa fi maadee ka Waaqi Ol-Aanaan naaf huje isinitti himuu fedha. \b \q1 \v 3 «Bilbaasi isaa attam attam gudda'a! \q2 Maadeen isaa attam attam jaddu'u! \q1 Mootummaan isaa ta bara baraa ti; \q2 inni dhalootaa haga dhalootaatitti bulcha. \p \v 4 «Ani Nebukadnezaar mana mootummaa tiyyaa keessa waan mara guutadhee, qananumma'aan le'aayyu. \v 5 Ani taqee irra adoo rafeeruu, oojjuu na sodaachittuu fi mudhii na bararassitu takka dhagge. \v 6 Tanaaf qarooleen Baabilonii duudiin gara kiyya dhufanee hiikkaa oojju'uu akka natti himanu ajaje. \v 7 Yennaa worri xanu, worri moru, worri falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara kiyya dhufane ani oojjuu tiyya isaanitti hime; isaan ammoo hiikkaa isi'ii naaf himuu hin dandeenne. \v 8 Achiin duuba Daani'el ka waaqota kiyya keessaa akka tokkootitti ‹Belxishaazaar› jedhamee moggaafame, ol seenee na dura dhaabate; isa keessa ayyaana waaqota woyyootaatitti jira; tanaaf ani oojjuu tiyya isatti himee, \v 9 ‹Ee, Belxishaazaar sooressa worra xanuu, ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa akka jiru ani hin beeka; dhossaan takkaalle si hin rakkittu; kunoo oojjuu oojjadhe sitti hima naa hiiki. \p \v 10 «‹Adoo taqee tiyya irra rafeeruu muka guddaa dheeraa tokko, wodhakkaa lafaatitti mudhi'iin dhagge. \v 11 Muki sun qacceen isaa haga ol-gubbaa geettutti guddatee jabaate; haga qaccee lafaa maralle'etti mudhate. \v 12 Baalli isaa hin tola; midhaan isaalle hin bacata; kolbaa maralle'eef ka sagalee te'utti isa irra jira; bineensoti gaaddisa isaa jalatti boqatan; sinbirrooti dameelee isaa irratti mana ijaaratte; dadi lubbuu qaddu marti isaa irraa nyaatte. \p \v 13 «‹Adoo taqee tiyya irra rafeeruu mudhii dhaggeen, ergamaan Waaqaa woyyichi tokko ol-gubbaa irraa dhufuun dhagge; \v 14 innille qoonqoo guddo'oon, «Muka san mura'a jissa'a; dameelee isaa ciccira'a; baala isaa soxooxa'a; midhaan isaa bittinneessa'a; bineensoti isa jalaa, sinbirrooti dameelee isaa irraa baqatanuu ti. \v 15 Jirmaa fi hidda isaa ammoo, wodaroo sibiilaatii fi sageettu'uutiin hidha'aatii, marra bisilee diida keessaatitti lafa keessatti lakkisa'a. \p «‹ «Inni fixeensa ol gubba'aatiin jiidhuu ti; bineensota woliin marra lafaa keessa le'uu ti. \v 16 Qalbiin isaa qalbii namaa irraa jijjiirantee, haga woggaa torbaatitti qalbii bineensotaatiin le'uu ti. \v 17 Murteen tana ergamaa woyyichatti murteesse; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, worra gad anaa isaan irratti bulchitoota akka godhu, kolbaan marti akka beettuuf tun teete» jedhee natti dubbate› jedheen. \p \v 18 «Oojjuun ani mootichi Nebukadnezaar oojjadhe tana; qarooleen mootummaa tiyya keessa jirtu marti, hiikkaa isi'ii natti himuu hin dandeenne; ati ammoo Belxishaazaar, ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa waan jiruuf, hiikkaa isi'ii natti himuu hin dandeetta» jedheen. \s1 Daani'el Ammalle Oojjuu Mootichaa Hiike \p \v 19 Achiin duuba Daani'el ka, «Belxishaazaar» jedhame, yennaa diqqo'oof guddoo rifatee afaan qabate; maarre mootichi, «Belxishaazaar, oojjuun yookiin hiikkaan isi'ii si hin rifachiisin» jedheen. \p Belxishaazaar deebisee, «Ee goottaa kiyya, oojjuun sun worra si jibbuuf, hiikkaan isi'iille diinota keetiif teetuu ti. \v 20 Muki ati mudhi'iin dhaggite, ka qacceen isaa haga ol-gubbaa geettutti guddatee, jabaatee, haga qaccee lafaa maralle'etti mudhatu, \v 21 ka baalli isaa tolu, ka midhaan isaa bacatee, kolbaa maralle'eef ka sagalee te'u, ka bineensoti gaaddisa isaa jalatti boqatanu, ka sinbirrootille dameelee isaa irratti mana ijaarrattu. \p \v 22 «Ee mooticha, muki guddatee jabaate sun si'i; guddinni keeti haga ol-gubbaa gewu guddateera; haga qaccee lafaatille'etti mootii teeteerta. \v 23 Ee mooticha, ati ergamaan Waaqaa woyyichi tokko ol-gubbaa irraa dhufuun dhaggiteerta; inni, ‹Muka san mura'aa balleessa'a; jirmaa fi hidda isaa ammoo, wodaroo sibiilaatii fi sageettu'uutiin hidha'aatii, marra bisilee diida keessaatitti lafa keessatti lakkisa'a. Inni fixeensa ol gubba'aatiin jiidhuu ti; bineensota woliin marra lafaa keessa le'uu ti; haga woggaa torbaatitti bineensota woliin le'uu ti› jedhe. \p \v 24 «Ee mooticha, kun ajaja Waaqi Ol Aanaan si mooticha goottaa kiyyatti dubbate; hiikkaan oojju'uulle ta asii gad jirtu. \v 25 Ati kolbaa keessaa ari'antee, bineensota woliin hin leeta; akka hori'ii marra hin dheedda; fixeensa ol-gubba'aatiin hin jiita; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, haga beettutti woggaan torba hin dabarti. \v 26 Akkuma jirmii fi hiddi muka sanii lafa keessatti hafuuf ajajame, Waaqi ol-gubbaa jiru, si'i irratti mootii akka te'e yennaa beette, mootummaan teeti adde'etti si'iif deebiti jechu'u. \v 27 Tanaaf ee mooticha, gorsa kiyya fudhadhu. Cubbuu hujiisa lakkisiitii waan sirrii te'e huji; hantuu hujiisaa lakkisiitii worra gad qabameef marari; yoo tana goote barri ati nageyaan leetu siif hin dheerata» jedhe. \p \v 28 Wonni kun duudiin mooticha Nebukadnezaar irratti muummotte. \v 29 Ji'a kudhanii lamaan duuba gaafa tokko mootichi mana mana irratti ijaarrame gubbaa irra deddeebi'aa adoo jiruu, \v 30 «Tun Baabilonii guddittii ta ani addee teessoo mootummaa tiyyaa akka teetuuf, ulfinna arnya kiyyaatiif, jabeenna hunna tiyyaatiin ijaaree motii ree?» jedhe. \p \v 31 Adoo mootichi dubbatiisatti jiruu, qoonqoon ol-gubba'aa dhuttee, «Ee mooticha Nebukadnezaar, waan ani sitti himu dhage'i! Mootummaan teeti si irraa fudhatanteerti; \v 32 ati kolbaa keessaa ari'antee, bineensota woliin hin leeta; akka hori'ii marra hin dheedda; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, haga beettutti woggaan torba hin dabarti» jedhe. \p \v 33 Yennuma san wonni Nebukadnezaar irratti dubbatante muummotte; inni kolbaa keessaa ari'amee akka hori'ii marra dheede; haga rifeensi isaa akka koola risa'aa dhedheeratutti, qenci isaalle akka qeenca allaatti'ii haga te'utti, nafi isaa fixeensa ol-gubba'aatiin jiidhe. \s1 Nebukadnezaar Waaqa Leellifate \p \v 34 «Barri sun yennaa muummowe, ani Nebukadnezaar gara ol-gubba'aa ilaale; qalbiin tiyyalle naa deebite; Waaqi Ol Aanaan ka haga bara baraa le'u \q2 haga bara baraa waan bulchuuf, \q2 mootummaan isaalle dhaloota irraa haga dhalootaa waan teeteef, \q2 ani isa eebbisee, leellifadhee, ulfinna isaaf kenne. \q1 \v 35 Kolbaan lafa irra leetu duudiin, \q2 woyittuu hin laakkowantu; \q2 inni ergantoota ol-gubba'aatii fi \q2 kolbaa lafa irra leetu duudii irratti \q2 waan fedhe hin godha; \q2 harka isaa hujii irraa ka dhooggu, \q2 yookiin waan inni huju ka isa gaafatu tokkolle hin jiru. \p \v 36 «Akkuma qalbiin tiyya naaf deebiteen, ulfinna mootummaa tiyyaatiif arnyii fi guddinni tiyyaa naaf deebi'e; gorsitootii fi qondaaltoti tiyya gammadaan na fudhatte; ani gara barcumaa mootummaa tiyyaatitti deebi'ee, guddinni ka durii caalaa naaf dabalame. \p \v 37 «Hujiin Mooticha ol-gubba'aa sirrii, karaan isaa qajeelaa waan te'eef, worra kooraa ideemulle, waan gad deebisuuf, ani mootichi Nebukadnezaar isa hin leellifadha; ulfinnaa fi guddinnalle isaaf hin kenna» jedhe. \c 5 \s1 Barreeffama Dalleya Manaa \p \v 1 Gaafa tokko mootichi Belshaazaar qondaaltota gugurdoo kuma tokkoof jila qopheesse; innille isaan woliin daadhii woyni'ii uniisatti jiraayyu. \v 2 Belshaazaar daadhii woyni'ii adoo uniisatti jiruu, meya worqi'iitii fi meeti'ii ka abbaan isaa Nebukadnezaar galma Yerusaalemii keessaa baase innii fi qondaaltoti isaa, niitotii fi gursumeeyyiin isaa itti unanuuf akka fidanu ajaje. \v 3 Maarre worri ajajame meya worqi'iitii fi meeti'ii, ka Galma Waaqaa Yerusaalem keessa jiru keessaa baafame san fidanee, mootichi, qondaaltoti gugurdoon isaa, niitotii fi gursumeeyyiin isaa itti unane. \v 4 Isaan daadhii woyni'ii unaa, waaqota worqii irraa, meetii irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa, mukaa fi dhakaa irraa hujamane leellifatane. \p \v 5 Dedhuma qubi harka namaa mudhatee, mana mootumma'aa keessatti dhoobbuu dalleyaa, ta fuullee waan issaan irra keyamuu jirtuu irratti barreessuu jalqabe. Mootichi quba barreessiisatti jiru san dhagge. \v 6 Achiin duuba mootichi guddoo sodaatee, fuulli isaa jijjiirame; harkii fi miilli isa irraa bu'ee, jilbi isaalle wol dhowe. \v 7 Mootichi qoonqoo guddo'oon, worra xanu, worra moruu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara isaa akka ol seensisanu ajaje. Yennaa isaan ol seenane inni isaaniin, «Nama barreeffama kana dubbisee hiikkaa isaa natti himutti woyaan dhiilleen isatti hin uffifanti; worqiin mormaa morma isaatitti hin keyanti; mootummaa tiyya keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee hin bulcha» jedhe. \v 8 Achiin duuba qarooleen mootichaa marti ol seenane; ammoo barreeffama dubbisuu yookiin hiikkaa isaa mootichatti himuu hin dandeenne. \v 9 Maarre mootichi Belshaazaar ka durii caalaa guddoo sodaatee, fuulli isaa jijjiirame; qondaaltoti isaalle waan jettu wollaalte. \p \v 10 Haati mootichaa qoonqoo mootichaatii fi qondaaltota isaa yennaa dhageette, gara addee jilaa ol seentee, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! Hin raafamin; fuulli keetille hin jijjiiramin! \v 11 Mootummaa teeti keessa nami ayyaanni waaqota woyyootaa isa keessa jiru tokko jira; nami sun bara mootummaa abbaa keetii akka waaqotaa beekkumsaan, hubanti'ii fi qarumma'aan guutamee dhaggameera; abbaan keeti mootichi Nebukadnezaar worra xanu, worra moru, worri falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, irratti itti gaafatamaa isa godheera. \v 12 Nami sun Daani'el ka mootichi, ‹Belxishaazaar› jedhee moggaase; inni oojjuu hiikiisaaf, hiibboo hiikiisaaf, waan dhossa'aa mudhisiisaaf, ayyaana dansaa beekkumsaa fi hubantii nama qabu; inni barreeffama san dubbisee, hiikkaa isaa himiisa waan dande'uuf, isa waansis» jette. \s1 Daani'el Hiikkaa Barreeffamaa Hime \p \v 13 Maarre Daani'el mooticha duratti dhikeessane; mootichille Daani'eliin, «Ati worra Yihuda'aa ka abbaan kiyya mootichi biyya Yihuda'aatii booji'ee fide keessaa tokkoo? \v 14 Ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa akka jiru, beekkumsa, hubanti'ii fi qarummaa akka qaddu dhage'eera. \v 15 Qaroole'ee fi worri moru barreeffama kana dubbisee, hiikkaa isaa akka natti beessisanuuf na dura dhikaataneeraniiyyu; ammoo hiikkaa barreeffama sanii naaf himiisa hin dandeenne. \v 16 Ati ammoo hiikkaa kennuu, waan nama rakkisulle hiikuu akka dandeettu ani dhage'eera; amma barreeffama dubbisuu, hiikaa isaalle natti beessisuu yoo dandeette, woyaan dhiilleen sitti hin uffifanti; worqiin mormaalle morma keetitti hin keyama; mootummaa tiyya keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee hin bulchita» jedhe. \p \v 17 Achiin duuba Daani'el deebisee, mootichaan, «Kennansi keeti si'umaaf hafuuti, badhaasa keetille nama dhibi'iif kenni. Ani ammoo barreeffama si mootichaaf dubbisee, hiikaa isaalle sitti hin beessisa. \p \v 18 «Ee mooticha, Waaqi Ol Aanaan abbaa keeti Nebukadnezaariif mootummaa, guddinna, ulfinnaa fi arnya kenneeraayyu. \v 19 Sababa Waaqi guddinna isaaf kenneef, kolbaan hedduun, gosi biyya adda addaa, kolbaan afaan adda addaa dubbattu martinuu sodaattee, fuula isaa duratti hollatte; inni worra ijjeesuu barbaade ijjeese; worra hamburuu barbaade hambure; worra ulfeessuu barbaade ulfeesse; worra gad qabuu barbaade gad qabe. \v 20 Yennaa inni kooree, mataa jabaate ammoo, barcumaa mootummaa ifii irraa bu'ee, ulfinni isaalle isa irraa fudhatame; \v 21 Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii fedheef akka kennu, haga inni beekutti, inni kolbaa keessaa ari'amee, qalbiin isaa jijjiirantee, akka bineensaa te'e; harree didaa woliin le'ee akka hori'ii marra dheede; nafi isaalle fixeensa ol-gubba'aatiin jiidhe. \p \v 22 «Atille Belshaazaar ilmi isaa tana mara adoo beettuu, ifi gad hin qanne; \v 23 ati Goottaa ol-gubba'aa mormitee, ifi ol qadde; meya Galma Waaqaa keessaa akka fidanu goote; atii fi qondaaltoti teeti, niitotii fi gursumeeyyiin teeti, daadhii woyni'ii itti untane. Ati waaqota worqii irraa, meetii irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka hin dhaggine yookiin ka hin dhageenne yookiin ka womaa hubatuu hin dandeenne leellifatte malee, Waaqa jiru'u fi ideensa keeti toowatuuf ulfinnaa hin kennine. \v 24 Tanaaf Waaqi harka barreeffama san barreesse erge. \p \v 25 «Barreeffam barreeffamelle, ‹Mene, mene, teqel, u-faarsiin› ka jedhu. \v 26 Hiikkaan dubbii tanaalle, ‹Mene, mene›, jechuun ‹Laakkowee, laakkowee› jechu'u; tanaaf Waaqi bara mootummaa teetii laakkowee, mootummaan teeti akka dhumattu godheera. \v 27 ‹Teqel› jechuun, ‹Madaala› jechu'u; tanaaf ati madaala irra keyantee, sallattee dhaggante. \v 28 ‹U-faarsiin› jechuun, ‹Gargar qoodante› jechu'u; tanaaf mootummaan teeti gargar qoodantee, worra Medooniitii fi Faaresiitiif kennate» jedhe. \p \v 29 Achiin duuba Belshaazaar woyaa dhiillee Daani'elitti akka uffisanu, worqii mormaa morma isaatitti akka keyanu ajaje; mootummaa ifii keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee akka bulchu lassii baase. \v 30 Mootiin worra Baabilonii Belshaazaar halkanuma san ijjeefamee, \v 31 Daariyos nami biyya Medoonii ka woggaa jaatamii lamaa, mootummaa san fudhate. \c 6 \s1 Daani'el Boolla Neenqaatitti Gatame \p \v 1 Daariyos kutaa mootummaa isaa mara akka bulchanuuf, bulchitoota dhibbaa fi diddama muuduu barbaade; \v 2 isaan irratti namoota sad itti gaafatantoota godhe; isaan sadiin keessaa tokkochi Daani'eliiyyu; mootichi akka hin rakkanneef bulchitooti sun worra sadiin kanaaf deebii kennaniiyyu. \v 3 Daani'el qondaaltotaa fi bulchitoota caalaa ayyaana adda te'e waan qabuuf, mootichi kutaa mootummaa ifii mara irratti isa bulchaa godhuu barbaade. \v 4 Sababa kanaaf, qondaaltotii fi bulchitooti, hujii mootumma'aa ta Daani'el hujuun isa himatiisaaf barbaadane; inni addatamaa, wonni dokonkore yookiin yakke waan hin jirreef, isaa ammoo dokonkora yookiin balleessa tokkolle isa irratti dhagguu hin dandeenne. \v 5 Tanaaf jarri tun, «Dhuggeeffannaa inni Waaqa ifiititti dhugeeffatuun malee, waan Daani'el ittiin himannu hin dhagganu» woliin jedhane. \p \v 6 Maarre qondaaltotii fi bulchitooti gara mootichaa dhaqanee, «Ee mootii Daariyos, haga bara baraa le'i! \v 7 Ee mooticha, haga guyyaa soddomaa eennulle gara keeti malee, gara namaa yookiin gara waaqa dhibi'ii akka hin daadimanne, ati mootichi ajaja baattee, ajaji sunille akka muummeffamu, nami ajaja kana hin muummessine boolla neenqaatitti akka gatamu, nuuti qondaaltoti mootumma'aa gugurdoon, sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti wolii galleerra. \v 8 Amma, ee mooticha, ajaji kun akka seera Medooniitii fi Faaresii ka jijjiiramuu hin dandeennee akka te'u, barreessiitii itti mallatteessi» jedhane. \v 9 Tanaaf mootichi Daariyos ajaja kana barreessee itti mallatteesse. \v 10 Daani'el ajaji akka itti mallatteeffame yennaa beeke, gara mana ifii ka kolloon mana irraa ka foddaan isi'ii fuullee Yerusaalemiititti banameeruu ol bayee, akkuma dur godhu guyya'atti yennaa sad jilbiiffatee gara Waaqa ifii daadimatee, leellifate. \p \v 11 Namooti sun, Daani'el gara Waaqa ifii daadimataa, isa irralle'ee qarqaarsa gaafatuun dhaggane. \v 12 Achiin duuba isaan Daani'el himatiisaaf gara mootichaa dhaqanee, marroo ajaja baye saniitiif, «Ee mooticha, nami guyyaa soddoma kana keessatti gara keeti qofa malee, gara waaqa dhibi'ii yookiin gara namaa daadimate, boolla neenqaatitti akka gatamuuf ajaja bayetti mallatteessiteertaayyuu motii?» jedhane. \p Mootichi deebisee, «Eeti'i, ajaji akkuma seera Medooniitii fi Faaresii ka hin jijjiirannee bayeera» jedhe. \p \v 13 Achiin duuba isaan mootichaan, «Ee mooticha, Daani'el worra biyya Yihuda'aatii booji'amane keessaa tokko ka te'e sun, si'iif yookiin ajaja ati itti mallatteessiteef ulfinna hin kennu. Inni haga ammaa guyya'atti yennaa sad gara Waaqa ifii daadimata» jedhane. \p \v 14 Mootichi tana yennaa dhage'e guddoo gadde; inni Daani'el baasiisaaf murteeffatee, haga aduun seentutti mala isa ittiin baasu mara wodhaane. \v 15 Achiin duuba namooti sun, gara mootichaa dhufanee mootichaan, «Ee mooticha, akka seera Medooniitii fi Faaresiititti lassiin yookiin ajaji mootichi baase tokko jijjiiramuu akka hin dandeenne beeki» jedhane. \p \v 16 Tanaaf mootichi ajajee jennaan, Daani'el qabanee fidanee boolla neenqaatitti gatane; mootichille Daani'eliin, «Waaqi ati yennaa mara addatamumma'aan tajaajiltu si baasuu ti» jedhe. \v 17 Dhakaa tokko fidanee afaan boollaa irra keyanee, eennulle Daani'el baasiisaaf akka hin wodhaanne, mootichi chaappaa qubee quba ifiitii fi ta qondaaltota ifiitiin dhakaa san irratti mallatteesse. \v 18 Achiin duuba mootichi gara mootummaa ifii deebi'ee, halkan san sagalee adoo hin nyaatin, wonni isa gammachiisulle akka isaaf dhikaattu adoo hin barbaadin, hirriiba dhabee bule. \p \v 19 Ganama akkuma boruun dayya'een mootichi ka'ee, ariiti'iin gara boolla neenqaa dhaqe. \v 20 Inni yennaa boolla bira geye qoonqoo gaddaatiin, «Daani'el, tajaajilaa Waaqa jiraata'aa, Waaqi ati yennaa mara addatamumma'aan tajaajiltu neenqa jalaa si baasuu dande'eera?» jedhee waame. \p \v 21 Daani'el deebisee, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! \v 22 Ani Waaqa kiyya duratti ka komii hin qanne te'ee waan dhaggameef, akka neenqi na hin miine, inni ergamaa ifii ergee afaan neenqaa cufe; ee mooticha, ani si duralle'etti dokonkora hin hunye» jedhe. \p \v 23 Mootichi guddoo gammadee, Daani'el boolla san keessaa akka ol baasanu ajaje; maarre isaan boolla san keessaa isa ol baasane; Daani'el Waaqa ifiititti waan addateeruuf, madaan takkaalle isa irratti hin dhaggane. \v 24 Ajaja mootichaatiin worra Daani'el dharaan himate san niitota isaaniitii fi ijoollee isaanii woliin fidanee, boolla neenqaatitti gatane; adoo isaan boolla keessa lafa hin geyin, neenqoti isaan bubbutanee lafee isaanii mara butuchane. \p \v 25 Achiin duuba mootichi Daariyos gara kolbaa heddu'uu, gosa biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu ta biyya lafaa duudii keessa leetuu barreessee, \p «Nageenni isiniif te'u! \v 26 Kolbaan mootummaa tiyya keessa jirtu marti Waaqa Daani'elii akka sodaattuu fi ulfeessitu ani lassii baaseera. \b \q1 «Inni Waaqa jiraataa \q2 haga bara baraa le'u. \q1 Mootummaan isaa ijjumaan hin baddu; \q2 barri mootummaa isaalle ijjumaa dhuma hin qabu. \q1 \v 27 Inni hin fayyisa; hin baasalle'e; \q2 inni ol-gubba'aa fi lafa irratti \q2 bilbaasaa fi maadee hin godha. \q1 Inni Daani'el neenqa jalaa baaseera» jedhe. \p \v 28 Bara bulchiinsa mooticha Daariyositii fi bara bulchiinsa Qiirosii mooticha Faaresii keessa Daani'eliif le'iin tolte. \c 7 \s1 Daani'el Bineensota Afur Mudhi'iin Dhagge \r (7:1—12:13) \p \v 1 Bara Belshaazaar mootii Baabilonii te'e woggaa qaraa keessa, Daani'el taqee ifii irra irkatee adoo jiruu oojjuu oojjatee, mudhiille dhagge; achiin duuba oojjuu oojjate san barreesse. \v 2 Daani'el, «Ani qilleensi ol-gubba'aa ka maddii afur irraa ka'e, abbaayaa guddittii raasuun halkan mudhi'iin dhagge. \v 3 Bineensoti adda addaa gugurdaan afur abbaayaa san keessaa bayane. \v 4 Bineensi qaraa neenqa fakkaata; inni akka risa'aa koola qaba; adoo ani ilaaluu koollii isaa irraa buqqa'ee, lafaa ol ka'ee, akka namaa miila lamaaniin dhaabbatee, qalbiin namaalle isaaf kennante. \p \v 5 «Bineensi lammeesso'oo doobbaa fakkaata; inni gara duraatiin ol jedhee, lafee cinaachaa sad afaanitti qabaayyu; bineensa saniin qoonqoon, ‹Haga dandeette foon nyaadhu!› jette. \p \v 6 «Saniin duuba bineensa dhibii ka qeeransa fakkaatu dhagge; bineensi kun dudda ifii irraa koola afur ka akka koola sinbirre'eetii fi mataa afur qabaayyu; akka bulchuufille baalliin isaaf kennante. \p \v 7 «Saniin duuba, bineensa arfeesso'oo ka bararassu, ka sodaachisuu fi jabaa hamaa halkan mudhi'iin dhagge; bineensi sun ilkaan sibiilaa gugurdaa qaba; inni waan ijjeese nyaatee, caccasse; waan hafelle miilaan irra sirbe; inni bineensota isaan qara jiranu mara irraa ka isa adda godhu, gaafa kudhan qabaayyu. \v 8 Ani marroo gaafota isaa san adoo yaadiisatti jiruu, gaafi diqqichi dhibiin odduu gaafota saniitiin quuqee ol baye; gaafota qaraa keessaa sadiin ka isaan dura jiranu buqqa'ane; gaafi diqqichi kun ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu» jedhe. \s1 Mudhii Marroo Ka Haga Bara Baraa Jiraatuu \p \v 9 Daani'el ammalle, «Adoo ani ilaaliisatti jiruu barcumooti mootumma'aa keyame; ka Durii Durii Sun\f + \fr 7:9 \fr*\fqa Ka Durii Durii Sun: \fqa*\fqa Waaqa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f* irra tee'e; woyaan isaa akka dhakaa bokkeyaa adii, rifeensi mataa isaalle akka fuutta'aa, barcumaan mootumma'aa ka isaa akka bobe'a ibiddaa ti; korboon barcumaa saniille akka ibidda bobe'uu ti. \v 10 Maddi ibiddaa isa duraa maddee yaa'a; worri kuma heddu'utti laakkowamu isa tajaajilan; worri miliyoonii heddu'utti laakkowamulle isa dura dhaabbatan; korri mura'aa tee'e; kitaabotille banamane. \p \v 11 «Ani sababa dubbii gaafi sun kooraan dubbatuuf isa ilaale; adoo ani ilaaliisatti jiruu, bineensi sun ijjeefamee, reeffi isaa gubatee akka baduuf ibiddatti gatame. \v 12 Bineensota hafane kaan irraa baalliin isaanii fudhatante; ammoo yennaa murtootteef akka le'anu, yennaan isaaniif kennante. \p \v 13 «Ani ilma namaa ka fakkaatu duumensa ol-gubba'aatiin dhufiisatti jiruun, halkan mudhi'iin dhagge; inni gara ka haga bara bara jiraatuu dhufee isa duratti dhikeeffame. \v 14 Kolbaan hedduun, gosi biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu akka isa tajaajilanuuf baalliin, ulfinnii fi hunni Mootii waan maraa te'iisaa isaaf kennante; barri bulchiisa isaa ka haga bara baraa hin dabarre; mootummaan isaalle ijjumaa dhuma hin qaddu. \s1 Hiikkaa Mudhi'ii \p \v 15 «Ani Daani'el mudhii dhaggeen rakkadhee, qalbiin tiyya raafante. \v 16 Ani worra achi dhaabbateeru keessaa gara tokkoo dhikaadhee, marroo waan kana maraa hiikkaa dhuga'aa isa gaafadhe; innille hiikkaa waan kana maraa natti himee, \v 17 ‹Bineensoti gugurdaan arfan kun, mootota arfan kaatee ta lafa tana bulchitu. \v 18 Woyyooti Waaqa Ol-Aana'aa ammoo, mootummaa san fudhattee haga bara baraatitti hin qabatti, ee, haga bara baraa hin qabatti› jedhe. \p \v 19 «Achiin duuba ani marroo bineensa arfeesso'oo, ka bineensota kaan mara irraa adda te'e, ka guddoo sodaachisu, ka ilkaan sibiilaatii fi qeenca sageettu'uu qabu, ka waan ijjeese nyaatee, caccassee, waan hafelle miilaan irra sirbuu, hiikkaa isaa ta dhuga'aa beekuu barbaade. \v 20 Akkasuma marroo gaafota kudhan ka mataa isaa irra jiruu, marroo gaafa diqqicha quuqee ol bayeetii fi marroo gaafota sadii ka gaafa diqqicha duraa buqqa'anee beekuu barbaade; gaafi diqqichi kun gaafota kaan ka caalu fakkaatee, ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu. \p \v 21 «Ani adoo ilaaluu gaafi diqqichi sun kolbaa Waaqaatitti lola kaasee, \v 22 haga ka Durii Durii Sun dhufee, kolbaa Waaqa Ol-Aana'aatiif muraa haqaa kennutti, inni isaan injifate; yennaan kolbaan Waaqa Ol-aana'aa sun mootummaa san qabatanulle geette. \p \v 23 «Ka hiikkaa natti hime sun, ‹Bineensi arfeesso'oo sun, mootummaa arfeesso'oo ta lafa irratti ka'u'uu jirtu. Isiin mootummoota dhibii mara irraa adda teetee, lafa duudii nyaattee, irra sirbitee butuchiti. \v 24 Gaafoti kudhan sun mootota kudhan ta mootummaa san keessaa ka'u'uu jirtu; mootota saniin duuba mootiin dhibiin ka isaan irraa adda te'e ka'ee, mootota sadiin hin injifata. \v 25 Inni Waaqa Ol-Aana'atti mormee hin dubbata; kolbaa Waaqa Ol-Aana'aalle cunqursee, yennaa jila beekkanteetii fi seera Waaqaa jijjiiriisaaf hin wodhaana; kolbaan Waaqaa woggaa sadii fi wodhakkaa baallii isaatiin jala hin teeti. \v 26 Achiin duuba korri mura'aa ka ol-gubba'aa hin tee'a; mootii te'iis isa irraa fudhatamee, ijjumaa hin bada. \v 27 Mootummaan, mootii waan maraa te'iis, hunnii fi guddinni mootummoota lafa duudii irra jiranuu, kolbaa Waaqa Ol-Aana'aatiif hin kennaman; mootummaan isaanii mootummaa haga bara baraa ti; mootoleen marti isaaniif ajajamiisaan isaan hin tajaajilan› jedhe. \p \v 28 «Hiikkaan oojju'uu as irratti dhumatte; ani Daani'el guddoo sodaadhee, bifi tiyya jijjiirante; dubbii san ammoo qalbi'itti qabadhe» jedhe. \c 8 \s1 Daani'el Korbeessa Hoole'eetii Fi Re'e'ee Mudhi'iin Dhagge \p \v 1 Belshaazaar mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti ani Daani'el, mudhii dur natti mudhatteen duuba mudhii dhibii dhagge. \v 2 Mudhii san keessatti ani qachaa Susa'aa, ka lafa Elaamii keessaa, ka dalleya dhaka'aatiin marfamee ijaarrame keessatti ifi dhagge; ani mudhi'iin irga laga Ulaayii bira jiraayyu. \v 3 Ani ol ilaalee korbeessa hoole'ee ka gaafa dhedheeraa lama qabu, irga lagaa dhaabbateeruun dhagge; gaafi tokkochi kaan caalaa dheerata; te'uu malee ka caalaa dheeratu sun ka duuba irra late. \v 4 Korbeessi sun gara aduun seentu, gara kaabaatii fi gara kibbaa gaarrifatuun dhagge; bineensoti tokkolle isa dura dhaabbatuu hin dandeenne; hunna isaa jalalle'ee ka bawuu dande'e hin jiru; inni waan fedhe mara godhe; guddoolle hunnaamessa te'e. \p \v 5 Ani marroo waan kanaa adoo yaadiisatti jiruu, korbeessi re'e'ee tokko, ka gaafa guddaa wodhakkaa lamaaniititti qabu, miilli isaa adoo lafa hin tuqin, gara aduun seentu irraa, fiigaa dhufe. \v 6 Inni gara korbeessa hoole'ee ka gaafa lamaan qabu, ka ani irga lagaa dhaabbateeruun dhagge sanii hunna guddo'oon itti fiige. \v 7 Gara korbeessa hoole'ee san dhikaatee, guddoo itti aaree, itti bu'ee gaafa isaa lamaanuu cassuun dhagge; korbeessi hoole'ee sun isa ifi irraa dhooggatiisaaf hunna dhabe; korbeessi re'e'ee sun korbeessa hoole'ee lafatti dhowee, irra sirbe; hunna isaa jalalle'ee eennulle isa baasuu hin dandeenne. \p \v 8 Achiin duuba korbeessi re'e'ee sun guddoo hunnaamessa te'e; yennaa guddoo hunnaamessa te'e ammoo, gaafi isaa dheerichi cabe; addee isaatitti gaafoti gugurdaan arfan, gara maddii arfaniititti daddabee late. \v 9 Gaafota arfan kana keessaa tokkocha irratti gaafi diqqichi dhibiin latee, gara kibbaa, gara aduun baatuu fi gara lafa Israa'elii bisile'etti guddoo guddate. \v 10 Gaafi diqqichi sun haga loltoota ol-gubba'aa bira gewutti guddate; loltoota san keessaa loltoota gari'ii fi urjoota garii gara lafaa gad qolaansee irra sirbe. \v 11 Inni sooressa loltoota ol-gubba'aatiin ifi qixxeesse; ciincaa guyyuma guyya'aan isaaf dhikaattulle akka isa irraa hafu godhee, addee Galma isaa batteesse. \v 12 Sababa cubbu'uutiif, loltooti sunii fi ciincaan guyyuma guyya'aan dhikaatu sunille isaaf dabarfamanee kennamane; inni dhugaa lafatti gad gate; wonni inni huju marti isaaf teete. \p \v 13 Achiin duuba ani woyyichi tokko dubbatuun dhage'e; woyyichi dhibiin, woyyicha dubbate saniin, «Mudhiin marroo ciincaa guyyuma guyya'aan dhikaatuu, ta hammeenna badii fiduu, akka inni irra sirbuuf, addeen woyyitti'ii fi loltooti isaaf dabarfamanee kennamane sun, yoom muummotti?» jedhe. \p \v 14 Inni deebisee, «Ciincaan guyyuma guyya'aan dhikaatu sun, haga ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadii tura; achiin duuba addeen woyyittiin sun sirri'itti hin deebiti» jedhe. \s1 Ergamaan Waaqaa Gabri'eel Mudhii San Hiike \p \v 15 Ani Daani'el mudhii san dhaggee, hiikkaa isi'ii hubatiisaaf adoo ani wodhaaniisatti jiruu, ka nama fakkaatu tokko achi na dura dhaabbate. \v 16 Laga Ulaayii irraa qoonqoo namaa ta, «Gabri'eel, hiikkaa mudhii sanii namicha knatti himi» jettu dhage'e. \v 17 Maarre Gabri'eel dhufee yennaa na bira dhaabbate, ani rifadhee fuulaan lafatti gad gombifamee; inni ammoo, «Ilma namaa, mudhiin sun marroo bara muumme'ee akka teete hubadhu» naan jedhe. \v 18 Adoo inni natti dubbatiisatti jiruu, ani fuulaan lafatti jigee ifi wollaale; achiin duuba inni qabee ol na kaasee na dhaabbachiisee, \v 19 «Mudhiin marroo bara muumme'ee waan teeteef, guyyaa mufi'ii san waan te'u'uu jiru sitti hima. \p \v 20 «Korbeessi hoole'ee ka gaafa lama qabu ati dhaggite sun, mootota Medooniitii fi Faaresii ti. \v 21 Korbeessi re'e'ee mootii Giriikii ti; gaafi guddaan ila isaa lamaan wodhakka'aa sun, mootii Giriikii ka qaraa ti. \v 22 Gaafoti afur ka addee gaafa cabee sanitti late sun, kolbaa biyya sanii keessaa mootummoota afur ta ijaaramu'uu jirtu; ammoo akka mootummaa qaraa san hunna hin qabanu. \p \v 23 «Bulchiinsa mootummoota sanii gara dhumaa irratti, yennaa worri seera yakku akka malee hammaateeru, mootichi mati-jabaan, dharaamessi hin ka'a. \v 24 Inni guddoo jabaa hin te'a; ammoo hunna ifiitiinii moti. Inni badii hantuu hin fida; wonni inni huju marti isaaf hin teeti. Inni namoota jajjaba'aa fi kolbaa Waaqaa woyyoota hin balleessa. \v 25 Maltummaa isaatiin wonni marti isaaf hin teeti; ifumaan guddaa ifi hin godha. Adoo ifi hin eeggachiisin nama hedduu hin ijjeesa; qondaala qondaaltotaa irratti hin ka'a; te'uu malee hin bada; ka baduunille harka namaatiinii moti. \v 26 Mudhiin marroo ganamaa fi galgalaa sun dhuga'a. Ammoo yennaan mudhiin sun muummottu fagoo waan teeteef, dhossii qabadhu» anaan jedhe. \p \v 27 Maarre ani Daani'el dadhabee, bututee dhibamee, guyyaa hedduu irkadhe; achiin duuba ka'ee hujii mootichaa dhaqe. Ani mudhii dhaggeen rakkadhe; waanuma isi'iituu hin beenneeyyu. \c 9 \s1 Daani'el Kolba'aaf Daadimate \p \v 1 Sanyii medoonii keessaa Daariyos ilmi Ashwerosii, Baabilonitti mootii te'e. \v 2 Bara mootummaa isaa woggaa tokkeesso'ootitti, ani Daani'el, akkuma Mootiin Waan Maraa raagicha Ermiyaasitti dubbate, diigamiis Yerusaalemii woggaa torbaatama akka turu, Barreeffama Woyyicha keessaa hubadhe. \v 3 Tanaaf ani woyaa gaddaa uffadhee, daadhaa irra tee'ee, laamiisaan, daadimatiisaa fi gaafatiisaan fuula kiyya gara Mootii Waan Maraa Waaqatti deebifadhe. \v 4 Ani cubbuu tiyya himataa, «Ee Mootii Waan Maraa, ati gudda'a, hin sodaachittalle'e! Worra si jaalatuu fi worra seera keeti eegatuuf, waadaa galtee fi jaalala keeti ka bara baraa hin eegatta. \p \v 5 «Nuuti cubbuu hunyeerra; yakkineerralle'e; hantuu hunyee finqilleera; ajajaa fi seera keeti irralle'ee deebineerra; \v 6 tajaajiltoota teeti raagota worra maqaa keetiin mootota keennatti dubbatanu, sooressitoota teenna, abbootii keennaa fi kolbaa biyya lafa mara hin dhageenne. \v 7 Ee Gootta'a, ati balcha'a; nuuti ammoo worra addatamaa si'iif waan hin te'iniif, nuuti namooti Yihuda'aa, kolbaan Yerusaalemiitii fi Israa'elii, bayya'aa fi dhikoo worri jirru ka ati biyya lafaa mara keessa bittinneessite yennaa ammaa tana salphanneerra. \v 8 Ee Mootii Waan Maraa, nuutii fi moototi kenna, qondaaltoti keennaa fi abbootiin kenna cubbuu waan hunyeef salphanneerra. \v 9 Nuuti finqillee isa irratti kaanulle Mootiin Waan Maraa Waaqi kenna marara'aa fi ka araaramu. \v 10 Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf hin ajajanne; seera inni karaa tajaajiltoota teeti raagotaatiin nu'uuf kennelle hin eeganne. \v 11 Israa'elooti duudiin seera keeti irra dabaranee, siif ajajamuu didaneeran; nuuti waan si irratti cubbuu hunyeef, abaarsii fi kakuun ka seera tajaajilaa Waaqaa Muuse'eetitti barreeffame nu irratti dhangala'e. \v 12 Ati badii guddoo nu'uu fi abbootii mura'aa teenna irratti fidiisaan, wonni ati dubbatte marti akka nu irratti muummottu goote; wonni qachaa Yerusaalemii irratti teete, ol-gubba'aan jalatti ijjumaa teetee hin beettu. \v 13 Akkuma Seera Muuse'ee keessatti barreeffame, badiin tun duudiin nu dhaqqadde; te'uu malee nuuti cubbuu teenna irraa deebi'iisaan, dhugaa teetille hordofatiisaan si Mootii Waan Maraa Waaqa keenna hin gammachiinne. \v 14 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, ati waan gootu maraan balcha'a; nuuti ammoo waan siif hin ajajaminiif, badii tana duudii nu irratti fidde. \p \v 15 «Ee, Goottaa Waaqa keenna, sittuu harka hunnaamessaan kolbaa teeti biyya Gibxi'ii keessaa baattee, maqaan keeti haga adhaatitti akka beekkamu goote; nuuti cubbuu hunyeerra; yakkineerralle'e. \v 16 Ee Goottaa, ati akka hujii teeti balchitti'iititti mufi'ii fi aarii teeti qachaa keeti Yerusaalem irraa, gaara keeti woyyicha irraa deebis. Sababa cubbuu teennaatii fi yakkaa abbootii teennaatiif qachaan Yerusaalemiitii fi kolbaan teeti, odduu worra adaala keenna jiranuu maratti salphataneeran. \v 17 Ee Waaqa keenna daadimataa fi gaaffii tajaajilaa keetii dhage'i; ee Goottaa, maqaa keetiif jedhiitii, Galma keeti diigameef marari. \v 18 Ee Waaqa, maganne'e naa dhage'i; rakkoo teennaa fi badii qachaa maqaa keetiin waamamuu ilaal. Nuuti balchummaa teennaaf adoo hin te'in, marartii teeti guddo'otti addannee daadimata keenna gara keeti dhikeeffanna. \v 19 Ee Gootta'a, nuu dhage'i. Ee Gootta'a, nuu araaram. Ee Gootta'a, nuu dhage'iitii, waan tokko godhi. Qachaan keetii fi kolbaan teeti maqaa keetiin waan waamamaneef, ee Gootta'a, maqaa keetiif jedhiitii hin turin» jedhee, gara Goottaa Waaqa kiyyaa daadimadhe. \s1 Gabri'eel Ergamaan Waaqaa Raaga Dubbatame Hiike \p \v 20 Ani cubbuu tiyyaa fi cubbuu kolbaa tiyya Israa'elii adoo dhugaa bayiisatti jiruu, marroo gaara woyyicha Waaqa kiyyaatiif, Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya gaafataa, \v 21 adoo daadimatiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa Gabri'eel ka akka namaa fakkaateeruun ani qara mudhi'iin dhagge sun, yennaa ciincaan galgalaa dhikaatutti, gara kiyya xinniqaa dhufe. \v 22 Inni na hubachiisiisaaf natti dubbatee, «Ee Daani'el, ani amma qarumma'aa fi hubantii siif kenniisaaf dhufeera. \v 23 Ati guddoo jaalatamaa waan teeteef, akkuma ati daadimatiisa jalqaddeen, deebiin si'iif kennanteerti; anille tana sitti himiisaaf dhufe. Tanaaf ergaa tana qalbeeffadhuutii, mudhiille hubadhu. \p \v 24 «Balleessaan akka hattuuf, cubbuu hujiis akka dhaabbattu, yakka'aaf araarri akka kennamu, balchummaan bara baraa akka dhuttuuf, mudhi'ii fi raaga irratti chaappaan akka godhamu, Addeen Irra caalaa Woyyittiin akka muudantuuf, torbaan torbaatam kolbaa teeti irratti laffameera. \v 25 Tana beekiitii hubadhu; yennaa Yerusaalem adde'etti deebitee akka ijaarantuuf ajaji bayeen jalqabee, haga yennaa bulchaan muudame dhufuutitti torbaan torba hin dabarti; akkasuma torbaan jaatamii lamaaf badhinneen qachaa Yerusaalemii ijaarantee, baleen hin qotanti; te'uu malee tun duudiin bara rakko'ootitti teeti. \v 26 Bulchaan Muudame torbaan jaatamii lama saniin duuba, haqa malee hin ijjeefama; loltooti bulchaa dhibii ka dhufuu, qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa hin balleessan; muummeen qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa lola'aan teeti; badiin waan itti laffanteefille lolli haga dhumaatitti hin te'a. \v 27 Bulchaan dhibiin sun woggaa torbaaf kolbaa hedduu woliin gondooroo hin godha; inni gamisa woggaa torbaatitti ciinca'aa fi kennansi midhaanii akka hafu godhee, addee ciinca'aatii fi kennansa midhaan sanii, battummaa badii fiddu Galma Waaqaa keessatti akka jiraattu hin godha; tunille adabbiin bulchaa san irratti laffante haga muummottutti teeti» jedhe. \c 10 \s1 Mudhii Daani'el Laga Xeegrosii Biratti Dhagge \p \v 1 Qiiros biyya Faaresiititti mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti, mudhiin takka Daani'elii Belxishaazaar jedhamutti mudhatte. Mudhiin sun ta dhuga'aa ti; isiin marroo lola gudda'aa ta beessittu; inni mudhii san akka hubatuuf, mudhi'iin hubantiin isaaf kennante. \p \v 2 Yennaa san ani Daani'el torbaan sadiif gadda irra jiraayyu. \v 3 Torbaan sad haga dabartutti ani sagalee dansaa hin nyaanne; foonii fi daadhii woyni'ii afaaniin hin qanne; waan iffatanulle fuula yookiin mataa hin iffanne. \p \v 4 Ji'a qaraa guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, ani laga Xeegrosii guddicha bira dhaabbadhee, \v 5 yennaa ol ilaale, namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, hidha ifii hiituu worqi'iitiin hidhate tokko dhagge. \v 6 Nafi isaa akka dhakaa, «Beerilos» jedhamuu issa; fuulli isaa akka balaqqeetti'ii calaqqisa; ilti isaa bobe'a ibiddaa fakkaatti; harkii fi miilli isaa akka sageettuu morodantee cululuqa; qoonqoon isaa akka qoonqoo kolbaa heddu'uu ti. \p \v 7 Ana Daani'el calla'attuu mudhii tana dhagge malee, worri na woliin jiru hin dhaggine; ammoo guddoo waan sodaataneef, baqatanee dhokatane. \v 8 Maarre ani qofii tiyya hafee mudhii guddoo tana dhagge; ani jabeenna dhabee, fuulli kiyya shankallowee, hunnalle dhabe. \v 9 Achiin duuba qoonqoo namichaa dhage'e; yennaa qoonqoo isaa dhage'e, rifadhee fuulaan lafatti jigee, ifi wollaale. \v 10 Achiin duuba harki tokko na tuqee, ani rorommaa harkaan lafa qabadhee, jilba kiyyaan akka jilbiiffadhu na godhe. \p \v 11 Ergamaan Waaqaa sun anaan, «Ee Daani'elii guddoo jaalatante, ani gara keeti waan ergameef, dubbii ani sitti dubbadhu akka dansaa hubadhu; addee jirtutti ol ka'ii dhaabbadhu» naan jedhe; yennaa inni dubbii tana natti dubbate, ani rorommaa ol ka'ee dhaabbadhe. \p \v 12 Achiin duuba inni anaan, «Ee Daani'el, hin sodaatin. Guyyaa ati hubantii dhaggatiisaaf, Waaqa duratti ifi gad qabiisaaf murteessiteen jalqabee, daadimati keeti dhage'ameera; daadimati keeti waan dhage'ameef, ani gara keeti ergamee dhufe. \v 13 Sooressi guddichi ka mootummaa Faaresii, guyyoota diddamii tokko anaan morme; achiin duuba Mikaa'el sooressi sooressitootaa, qofi hafiisa kiyya dhaggee na qarqaariisaaf dhufe. \v 14 Mudhiin sun marroo guyyoota gara duraa waan mudhittuuf, guyyoota muumme'eetitti waan kolbaa teeti dhaqqabu'uu jiru, si hubachiisiisaaf ani gara keeti dhufe» jedhe. \p \v 15 Yennaa inni tana natti dubbate, ani lafa ilaalee dubbatiisa dadhabe. \v 16 Achiin duuba ergamaan ilmaan namaa fakkaatu tokko, hidhii tiyya tuqe; anille afaan kiyya banadhee dubbadhee, ka na dura dhaabbateeru saniin, «Ee goottaa kiyya, sababa mudhii tanaatiin guddoo farree, hunna dhabeera. \v 17 Ani hunna dhabee, hafuurri na keessaa waan dhumateef, ani tajaajilaan keeti, attamiin si goottaa kiyya woliin dubbatiisa dande'a ree?» jedhe. \p \v 18 Ammalle ergamaan ilmaan namaa fakkaatu sun, na tuqee na jabeessee, \v 19 «Ee nama guddoo jaalatante, hin sodaatin; nageenni siif te'u; jabaadhu, jajjabaadhu» jedhe. \p Yennaa inni natti dubbate, ani jabaadhee, «Ee goottaa kiyya, ati waan na jabeessiteef dubbadhu» jedheen. \p \v 20 Achiin duuba inni anaan, «Ani maaf gara keeti akka dhufe hin beettaa? Ani ammalle sooressa guddicha Faaresii loliisaaf achi hin deebi'a; ani deemeen duuba sooressi guddichi Giriikii hin dhufa. \v 21 Ani ammoo dursee, waan Kitaaba Dhuga'aa keessatti barreeffame sitti hima; Mikaa'elii sooressa guddicha keessan malee, sooressitoota gugurdoo tanaan wol loliisaaf ka na qarqaaru hin jiru. \c 11 \p \v 1 «Daariyos nami biyya Medoonii mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, isa qarqaariisaa fi jabeessiisaaf, ani isa bira dhaabbadheeraayyu. \v 2 Ammalle ani waan dhuga'aa sitti hima» jedhe. \s1 Mootota Kaabaatii Fi Kibbaa \p Ergamaan ilmaan namaa fakkaatu sun, «Moototi dhibiin sadiin biyya Faaresii keessatti hin kaati; ka arfeesso'oo isaan caalaa hin durooma; inni yennaa durummaa ifiitiin jabaate, biyya mara mootummaa Giriikii irratti hin kakkaasa. \p \v 3 «Achiin duuba mootichi jabaan lola jaalatu, ka hunnaan bulchuu fi ka waan fedhe godhu tokko hin ka'a. \v 4 Akkuma hunni isaa jabaatteen ammoo, mootummaan isaa diigantee, maddii afuritti gargar hin qoodanti; mootummaa isaa isa irraa fudhatantee worra dhibi'iif waan kennantuuf, sanyii isaatitti hin dabartu; akka qaraalle hunna hin qabaatu. \p \v 5 «Mootichi kibbaa hin jabaata; abbootii duulaa isaa keessa ammoo, tokko isa caalaa jabaatee hin bulcha; mootummaan isaalle mootummaa guddoo hin teeti. \v 6 Woggoota diqqo'oon duuba mootichi kibbaa, mooticha kaabaa woliin wolii galan. Intalti mooticha kibbaa, wolii galtee isaanii jabeessiisaaf mooticha kaaba hin heerumti; isiin ammoo hunna ifiitiin turuu hin dandeettu; innii fi hunni isaalle jabaattee hin leetu; tanaaf isiin, dhirsi isi'ii, worri isii gara biyya sanii geessee fi abbaan isi'ii hin ijjeefaman. \v 7 Sanyii isi'ii keessaa tokko mootii kibbaa te'ee, loltoota mootii kaabaa hin lola; kushee isaaniille diigee isaan hin injifata. \v 8 Inni fakkii waaqota isaanii, meya gatii guddo'oo meeti'ii fi worqi'ii booji'ee gara biyya Gibxi'ii hin geessa; woggoota diqqo'oof inni mootii kaabaa hin lolu. \v 9 Achiin duuba mootiin kaaba mootii kibbaa hin lola; ammoo dheetee gara biyya ifii hin deebi'a. \p \v 10 «Ilmaan isaa mootii kibbaa loliisaaf qophowanee, loltoota bacaa wolitti hin qabatan. Isaan keessaa tokko akka lolaa bisaanii te'ee, kushee diinotaa irra hin dhangala'a. \v 11 Achiin duuba mootiin kibbaa aari'iin ka'ee, loltoota bacaa mootiin kaabaa san hin injifata. \v 12 Loltooti bacaan yennaa booji'ante inni hin koora; loltoota kaabaa ta kuma heddu'utti laakkowantu hin fixa; inni ammoo injifachaa saniin jabaatee hin le'u. \p \v 13 «Mootiin kaabaa ka duraa caalaa loltoota bacaa waan qopheeffatuuf, woggoota diqqo'oon duuba loltoota ifii hedduu ta meya woraanaa guutuu hidhatte fudhatee deebi'ee hin dhufa. \v 14 Bara san kolbaan hedduun mootii kibbaa irratti hin ka'an; Daani'el, mudhiin teeti akka muummottuuf, kolbaa teeti keessalle'ee worri hunnaan nama irratti ka'anu hin ka'an; ammoo hin injifataman. \v 15 Achiin duuba mootiin kaabaa qachaa dalleenni dhaka'aa itti ijaarame tokko marsee hin qabata. Loltooti kibbaa ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu; loltooti filamaneeyyuu, ifi irraa dhooggatiisaaf hunna hin qaabatanu. \v 16 Mootiin kaaba sun waan fedhe hin godha; ka isa ifi irraa dhooggatiisa dande'u hin jiru. Inni lafa Israa'elii bisilee hin qabata, isii balleessiisaafille hunna hin qabaata. \p \v 17 «Inni loltoota mootummaa ifii duudii woliin duuliisaa hin yaadata; mootii kibbaa woliin wolii galtee nageyaa hin godha; mootummaa san balleessiisaaf, intala ifii mooticha kibbaa hin heerumsiisa; ammoo yaadi sun isaaf hin te'u yookiin isa hin qarqaaru. \v 18 Achiin duuba inni gara lafa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aa hin deebi'a; kolbaa hedduulle hin qabata; ammoo abbaan duulaa tokko isa injifatee, koora isaa hin dhaabbachiisa; dhugumaan dubbii inni kooraan dubbattelle isuma irratti hin deebisa. \v 19 Achiin duuba mootichi kaabaa gara kushee biyya ifii hin deebi'a; inni ammoo gufatee hin jiga; deebi'eelle hin dhaggamu. \p \v 20 «Mootiin addee isaa bu'u, ulfinna mootummaa ifii eegisiisaaf nama gibira guuru hin erga; te'uu malee woggaa diqqo'oon duuba aarii kolba'aatiin yookiin woraanaan adoo hin te'in, mootichi sun hin du'a. \s1 Mooticha Hamaa Kaabaa \p \v 21 «Isaan duuba nami tuffatamaan tokko hin ka'a; ulfinni mootumma'aa isaaf hin kennamu; adoo kolbaan dedhuma jirtuu, malaan dhufee sobiisaan mootummaa hin qabata. \v 22 Inni loltoota hunnaameyyii bacaa, sooressa gondooro'oo injifatee haxowee hin balleessa. \v 23 Kolbaan biyya adda addaa hedduun isaa woliin wolii galan; inni ammoo isaan hin soba; hunna guddoo hin qabaata; ammoo kolbaa diqqo'otti isa qarqaara. \v 24 Inni kolbaan lafa bisilee keessaa dedhuma adoo jirtuu, hin lola; waan abbootiin isaa ta durii hin godhin hin godha. Inni meyaa fi karra booji'e mara worra isa gula deemuuf hin qooda; kushee jissiisaaf mala dhowa; ammoo yennaa diqqoo qofaaf isaaf teeti. \p \v 25 «Inni loltoota guddoo qopheeffatee, mootii kibbaa loliisaaf hunnaa fi jabeenna ifii hin kakkaasa; mootiin kibbaalle loltoota baca'aa fi jajjadduu hin qopheeffata; isaan isa irratti mala waan dhowaneef, inni ammoo ifi irraa dhooggatuu hin dande'u. \v 26 Worri isaa woliin nyaatuuyyu isa balleessiisaaf hin wodhaanan; loltooti isaa hin haxowaman; hedduun isaaniille hin du'an. \v 27 Moototi lamaanuu gadhaa ifii keessatti hammeenna qabatanee, qorii takka'atti nyaatiisaaf hin tee'an; wolille hin soban; muummee isaaniitiif yennaan Waaqi murteesse waan hin geyiniif ammoo, isaaniif hin teetu. \v 28 Mootichi kaabaa karra booji'e fudhatee, gara biyya ifii hin deebi'a; yaad isaa ammoo gondooroo woyyittii balleessiisa; waan fedhe godheen duuba gara biyya ifii hin deebi'a. \p \v 29 «Yennaa murtootetti mootichi kaabaa deebi'ee mootii kibbaa hin lola; te'uu malee akka yennaa duraa isaaf hin teetu. \v 30 Worri Rooma'aa hobolo'oon dhufee waan loluuf, inni hin sodaata. Achiin duuba gara duuba deebi'ee gondooroo woyyitti'itti aarii ifii baya; deebi'eelle gorsa worra gondooroo woyyittii lakkisee hin fudhata. \v 31 Loltooti isaa Galmaa Waaqaatii fi dalleya Galma Waaqaa batteesane. Isaan ciincaa guyyaa guyya'aan dhikaatulle akka hafu godhanee, farra badi'ii hin dhaaban. \v 32 Inni worra gondooroo lakkise sossobiisaan qarqaarsa irraa dhaggata. Kolbaan Waaqaa ifii beettu ammoo, jabaattee isa mormiti. \v 33 Worri qarooleen odduu kolba'aa jiranu, kolbaa barsiisiisan; te'uu malee yennaa diqqo'oof shallaaga'aan hin ijjeefaman yookiin ibiddaan hin gubatan yookiin hin booji'aman, yookiin hin saamaman. \v 34 Rakkoo san keessa isaan qarqaarsa diqqaa hin dhaggatan; worri bacaan sobaan isaanitti hin dabalama. \v 35 Haga yennaan Waaqi murteesse geettutti, akka isaan dhimbiibamanu, akka qulluu te'anuu fi qulqulloomanu, qaroolee san keessaa worri diqqaan hin ijjeefama. \p \v 36 «Mootiin kaabaa waan fedhe hin godha. Inni ifi ol qabee, waaqota mara ka caalu ifi seya. Waaqa waaqota caalu irratti arraba hamaa hin dubbata. Wonni murteeffame marti te'u'uuf waan malteef, yennaan mufii Waaqaa haga muummottutti wonni marti hin teetiif. \v 37 Inni waaqota abbootii ifii ta duriitiif yookiin waaqota dubartooti jaalattuuf ulfinna hin kennu; inni ka mara caalu waan ifi seyuuf waaqota dhibii tokkolle'eef ulfinna hin kennu. \v 38 Addee isaanii, waaqa, ‹Kushee eega› jedhamuuf ulfinna hin kenna; waaqa abbootiin isaa ta durii hin beenne tokkoof, worqi'ii fi meetii, dhakaa gatii guddo'ootii fi kennansa gatii guddo'oo kenniisaan ulfinna hin kenna. \v 39 Kolbaa waaqa orma waaqonfatuun kushee diinaa ta kushee mara caalaa jaddu'uu hin lola; worra akka bulcha'aatitti isa fudhatuuf ulfinna gudda hin kenna; kolbaa dhibii hedduu irratti bulchitoota isaan hin godha; galata isaan isaaf godhaneef, lafa isaaniif hin qooda. \p \v 40 «Barri yennaa geye mootiin kibbaa mootii kaabaa hin lola; mootiin kaabaalle garreettaa woraanaa ka fardaan harkifamu heddu'uun, abbootii fardaatii fi hoboloo heddu'uun akka hobonbolatti'ii itti ori'a. Akka lola'aa haxowaa biyya hedduu hin lola. \v 41 Inni lafa Israa'elii bisiltuulle hin lola; biyya hedduulle hin injifata; Edoom, Mo'aabii fi sooreyyiin Amoonii ammoo, harka isaa jalaa hin miliqan. \v 42 Inni biyya hedduu harka ifii jalatti hin bulcha; biyyi Gibxi'iille isa jalaa hin baatu. \v 43 Worqi'ii meeti'ii, fi karra Gibxi'ii mara hin fudhata; worri Liibiya'aatii\f + \fr 11:43 \fr*\fqa Liibiyaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Fuxi \fqa*\ft jedh.\ft*\f* fi Itoophiya'aa\f + \fr 11:43 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f*, isaaf hin ajajaman. \v 44 Oduun gara aduun baatuu fi gara kaabaa irraa dhuttu ammoo mootii kaabaa hin sodaachitti; inni kolbaa hedduu balleessiisaaf aarii guddo'oon hin baya. \v 45 Inni abbaaya'aa fi gaara woyyicha dansaa wodhakka'atti dunkaanota mootummaa ifii hin dhaabbata; muummee irratti inni hin du'a; nami tokkolle isa hin qarqaaru» jedhe. \c 12 \s1 Bara Muumme'ee \p \v 1 Ergamaan Waaqaa ka natti dubbate sun, «Yennaa san Mikaa'el sooressi guddichi kolbaa teeti eegu hin ka'a; achiin duuba haga gosi biyya adda addaa lafa irra jiraatteen jalqabee, farri guddoon teetee hin beenne hin teeti; yennaa san ammoo kolbaan biyya teeti, worri maqaan isaanii kitaaba keessatti barreeffame dhaggame farra san jalaa hin bayan. \v 2 Worri hedduun du'ee awwaalameeru, gariin jiruu bara baraatiif, gariin salphinna bara baraatiif hin ka'an. \v 3 Worri qarooleen akka ifa gubba'aa hin ifan; worri worra hedduu gara balchumma'aa deebise haga bara baraa akka urji'ii hin ifan. \p \v 4 «Ati ammoo Daani'el, haga bara muumme'eetitti, kitaaba san cufii chaappaa itti dhowiitii, dubbii tana dhossii qabadhu; worri hedduun beekkumsa ede'atiisaaf, asii fi achi hin daaqan» jedhe. \p \v 5 Achiin duuba ani Daani'el ergantooti dhibiin lamaan tokko irga lagaa gamaan, kuun irga lagaa gamanaan dhaabbataneeranuun dhagge. \v 6 Isaan keessaa tokkochi ka woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, bisaan lagaatiin gubbaa dhaabbateeruun, «Wonni maade'ee kun yoom muummotti?» jedhe. \p \v 7 Ka woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, bisaan lagaatiin gubbaa dhaabbateeru sun, harka ifii gara ol-gubba'aa kaasee, maqaa Waaqa bara bara le'uutiin kakatee, «Woggaa sadiif gamisatti teeti; hunnaa kolbaa Waaqaa caccassiisi yennaa dhaabbattu wonni kun marti hin muummotti» jedhe. \p \v 8 Ani waan inni jedhe dhage'e; ammoo hin hubanne. Tanaaf, «Ee, Goottaa kiyya, wonni kun marti teeteen duuba maanti te'a ree?» jedhee gaafadhe. \p \v 9 Innille deebisee, «Daani'el, haga bara muumme'eetitti, dubbiin tun dhossa'aan qabantee, chaappaan itti waan dhowameeruuf, ati deem. \v 10 Worri hedduun qulluu te'anee, qulqulloomanee hin dhimbiibaman; worri hamooleen ammoo hammeenna irratti hammeenna hujan. Worra hamoolee keessaa tokkolle ka woy hubatu hin jiru; worri qarooleen ammoo hin hubatan. \p \v 11 «Ciincaa guyyaa guyya'aan dhikaatu akka hafu godhanee, farri badi'iille akka dhaabantu haga godhaneen jalqabee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaaf sagaltam hin dabara. \v 12 Guyyaa kuma tokkoo fi dhibba sadii soddomii shan, nami addatamummaan ture hin gammada. \p \v 13 «Atille Daani'el, haga muumme'eetitti ka addatante te'i; achiin duuba hin duuta; bara muumme'eetitti ammoo, qooda keeti fudhatiisaaf hin kaata» jedhe.