\id COL - Guji Bible \ide UTF-8 \h Worra Qolosaayisii \toc1 Ergaa Phawuloos Gara Worra Qolosaayisii Erge \toc2 Worra Qolosaayisii \toc3 Qol. \mt2 Ergaa Phawuloos Gara \mt1 Worra Qolosaayisii \mt2 Erge \imt Seensa \ip Ergaan tun wolde'a kiristaanaa ka qachaa Qolosaayisii keessa jiruuf barreeffante; Qolosaayisii ardii Asiyaa diqqaa keessatti qachaa Efesooniitiin gara baya adu'uutitti dhaggama. Wolde'i kiristaanaa kun Phawuloosiin ijaaramuu dhabulle, Efesoonii qachaa guddicha Asiya'aa, ka bulchiinsa Rooma'aa jala jiru irraa ergantoota Wongeelaa waan bobbaaseeruuf, Qolosaayisiifille itti gaafatamummaa qabaayyu. Wolde'a kiristaana Qolosaayisii keessa barsiisoti dharaameyyiin, «Waaqa beekiisaa fi fayyinna guutuu dhaggatiisaaf nami tokko tokkonuu hunnootaa fi baallota ayyaanaatiif sagaduu qaba» jedhanu akka jiranu Phawuloos dhage'eera. Wonni barsiisoti tun jettu ta biraa, «Nami tokko tokkonuu waan akka haqanqabaa qabatiisaatii fi seera sagale'eetii fi waan biraa eegatuu qaba» jetti. \ip Phawuloos ergaa kiristaanaa dhugicha dhikeessiisaan, barumsa isaanii dharicha mormiisaaf ergaa tana barreesse. Deebiin inni dhikeesse keessaa gugurdoon, «Yesuus Kiristoos fayyinna guutuu kenna; dhugeeffanna'aa fi hujiin dhibiin tun isa irraa fageessiti» ka jedhu. Waaqi Kiristoosiin biyya lafaa dade; karuma isaatiin gara ifii deebisee fida; biyyi lafaa Kiristoositti gadha'aan dhugeeffatiisa qofaan addii fayyiisaa qabaatti; akka kanaan barumsi guddaan kun jiruu dhugeeffattootaa keessatti hujii irra ooliisaaf akka dande'u hubachiisa. \ip Ergaa tana Phawuloos irraa fuudhee, gara Qolosaayisii akka geessuuf, Tikiqoosii ergame woliin ka jiru Oneesimoos akka te'e ilaaluun bu'aa qabeessa. Phawuloos marroo garbicha Oneesimoos jedhamee kana kaasee, ergaa dhibii Filimoona'aaf barreesseera. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-8\ior* \io1 Akeekaa fi hujii Kiristoosii\ior 1:9—2:19\ior* \io1 Jiruu haareya karaa Kiristoosiitiin\ior 2:20—4:6\ior* \io1 Yaada buufataa\ior 4:7-18\ior* \c 1 \p \v 1 Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa, \v 2 dhugeeffattoota Kiristoosiin woyyoontanee fi addatantane, ka qachaa Qolosaayisii keessa jirtanuuf: \p Waaqi Abbaan keenna badhaadhaa fi nageya isiniif kennu. \s1 Phawuloos Worra Qolosaayisii Galateeffate \p \v 3 Yennaa isiniif daadimannu, yennaa mara Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin galateeffanna. \v 4 Sababille Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatuu keessanii fi kolbaa Waaqaa mara jaalachuu keessan dhageenneerra. \v 5 Jecha Waaqaa ka teete Oduun Gammadaa, yennaa jalqaba gara keessan geette, addii isii keessa jirtu dhageettaneertan; tanaaf dhugeeffanna'aa fi jaalalli keessan addii ol-gubba'atti qophoottee, isin eegattu irratti hundootte. \v 6 Isin Oduu Gammadaa tana haga dhageettanee fi dhugummaa badhaadha Waaqaalle guyyaa hubattaneen jalqaddanee, Oduun Gammadaa tun odduu teessanitti akkuma teete, biyya lafaa duudii keessatti midhaan buusiisaa fi guddatiisatti jirti. \v 7 Ephafraas jaalatamaa ka addee teenna bu'ee tajaajilaa addatamaa Kiristoosii te'ee fi ka nu wolille'een hojjatu irraa tana barattaneertan.\x - \xo 1:7 \xo*\xt Qol. 4:12; Film. 23\xt*\x* \v 8 Ayyaana Waaqaatiin isin wol jaalatiisa keessanille inni nutti himeera. \v 9 Tanaaf guyyaa waan kana dhageennee jalqannee, isin qaroomaa fi hubantii Ayyaanaa maraan, beekkuma guutuu ka ittiin fedhii Waaqaa hubatanu akka qabaattanu isiniif daadimatiisaa fi Waaqa gaafatiisa hin lakkinne. \v 10 Akka isin akka Gootta'aa maltetti le'iisaan guutuma guutu'utti isa gammachiittanu, hujii dansaa hujiisaan midhaan akka buuttanuu fi Waaqalle beekiisaan ittuma guddattanu hin daadimanna. \v 11 Goottaan hunna ifii ulfaata'aan, jabeenna isiniif kennu; waan mara ossaan dande'iisaafille ka gammaddanu isin godhu. \v 12 Mootummaa ifaa keessatti worra woyyicha woliin dhaala akka qoodattanu, Waaqa Abbaa isin geessiselle gammadaan galateeffadha'a. \v 13 Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaalatamee akka gallu nu tolcheera. \v 14 Nuuti Ilma isaatiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhagganneerra.\x - \xo 1:14 \xo*\xt Efe. 1:7\xt*\x* \s1 Ol Aantummaa Kiristoosii \p \v 15 Kiristoos Waaqa ilaan hin dhagganneef fakkeenna dhugaamessa. Inni angafa waan dadame maraa ti. \v 16 Sababilleen wonni ol-gubba'aa fi lafa irra jiru, wonni mudhatuu fi hin mudhanne, hunnootii fi bulchitooti ol-gubba'aa, dura aantole'ee fi worri baallii qabanu duudiinuu isaan dadamane. Waaqi waan duudii karaa isaatii fi isaaf dade. \v 17 Inni waan duudi'iin duraa jira; wonni duudiin isaan wol qaqqabatee dhaabbate. \v 18 Inni wolde'a kiristaanaa ka nafa isaa te'eef mata'a; waan maraan ka durse te'iisaaf, du'aa ka'iisalle'een ka qaraatii fi ka jalqabaa ti.\x - \xo 1:18 \xo*\xt Efe. 1:22-23\xt*\x* \v 19 Guutummaa waaqumma'aa Ilma isaa keessa akka jiraattu, fedha Waaqa Abba'aa waan te'eef tun teete. \v 20 Waaqi waan ol-gubbaa jirulle te'ee, waan lafa irra jiru mara ifi woliin araarse; dhiiga Ilma ifii ka fannoo irratti jigeen nageya buuseera.\x - \xo 1:20 \xo*\xt Efe. 2:16\xt*\x* \p \v 21 Duraan Waaqa irraa fagaattanee le'aa turtane; waan hantuu yaadiisaa fi hujiisaan diina isaa teetaneertaniiyyu. \v 22 Amma ammoo woyyoole'ee fi qulqulloolee, ka komiille hin qanne isin godhee fuula ifii duratti dhikeessiisaaf, Ilmi isaa nafa namumma'aatiin waan du'eef Waaqi ifi woliin isin araarse. \v 23 Te'uu malee dhugeeffanna'aan hundoottanee\f + \fr 1:23\fr*\fqa Hundoottanee: \fqa*\ft Hidda naqattanee\ft*\f*, jabaattanee dhaabbachu'uun, addii karaa wongeelaatiin dhageettane irraa hin tacho'ina'a. Wongeelli kunille kama isin dhageettanee fi worra biyya lafaa irra jiru maraaf lallabameeru; ani Phawuloosille tajaajilaa wongeela kanaa te'eera. \s1 Tajaajila Ergamummaa Phawuloosii \p \v 24 Ani amma isiniif rakkachuu kiyyaan hin gammada; marroo wolde'a kiristaanaa ka nafa isaa te'eelle, rakkinna Kiristoosii qoodamiisa irraa waan naa dhidhate foon kiyyaan rakkatiisaan hin guuta. \v 25 Jecha Waaqaa guutuma guutu'utti isiniif mudhisiisaaf, akkuma itti gaafatamummaan naa kennantetti ani tajaajilaa wolde'a kiristaanaa te'eera. \v 26 Jechi Waaqaa kunille, dhossaa baroota dabarane ilmaan namaa duraa dhokattee turtee, amma ammoo kolbaa isaatitti mudhifante. \v 27 Waaqi dhossaa ifii ta ulfinna guutuu qaddu tana worra Yihudoota hin te'in oddu'utti, kolbaa ifiititti mudhisuu filateera. Dhossaan mudhatte tunille Kiristoosii isin keessa jiru; inni ulfinna isin dhaggattanuuf addii keessan. \v 28 Maarre nuuti nama maraaf Kiristoos lallanna. Nami mara Kiristoosiin ka bilchaate akka te'u, qarooma maraan nama mara hin gorsina, hin barsiinnalle'e. \v 29 Tun akka teetuuf, karaa hunna jadduu Kiristoos kennuu, ta ana keessatti hujiisatti jirtuutiin, ani wodhaantoo qabataa itti elowa. \c 2 \p \v 1 Ani isinii fi worra Laa'odiiqeyaatiif, akkasuma worra fuula kiyya hin dhaggin maraaf attam akka elowiisatti jiru akka beettanu barbaada. \v 2 Akka gadhaan isaanii jajjabaatuu fi jaalalaan wolitti hidhamanee, hubantii durummaa addachiittuu maraa fi dhossaa Waaqaa ka te'e Kiristoos akka beekanuuf tana godha. \v 3 Karri qaroomaatii fi beekkumaa marti Kiristoos keessa dhoffantee jirti. \p \v 4 Akka eennulle jecha dansaa fakkaatuun isin hin sonneef ani tana jedha. \v 5 Ani fooniin isin woliin jiraachuu dhabulle ayyaanaan isin woliin jira; seera dansa'aan le'uu keessanii fi dhugeeffannaa jadduu isin Kiristoositti qaddanu dhaggiisatti hin gammada. \p \v 6 Yoona Yesuus Kiristoos Goottaa godhattanee, akkuma fudhattanetti isaan le'a'a. \v 7 Akkuma barattanetti hidda gadi naqadha'aatii, isatti ijaarama'aatii, dhugeeffannaa teessaniin jabaadha'a; galata guutee dhangala'ulle dhiyeessa'a. \p \v 8 Akka barsiisa Kiristoosiititti adoo hin te'in, qarummaa namaatii fi gowwoonsiisa waan tokko ifi keessaa hin qanne, ka aadaa namaatii fi ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu irratti hundayeen, eennulle akka isin hin boojine ifi eegadha'a. \v 9 Guutummaan waaqumma'aa mijuun Kiristoosiin nafaan mudhattee jiraatti. \v 10 Isinille Kiristoosii dada ifii duudii irratti mataa bulchiisaatii fi baallii maraa te'een, jiruu guutuu dhaggattane. \p \v 11 Isin waan isaan jirtanuuf haqanqabaa qabattaneertan; haqanqabaa qabatuun keessan kunille namummaa foonii cubbicha balleessiisaaf ka Kiristoosiin te'e malee, ka harka namaatiin te'ee moti. \v 12 Yennaa cuuphantane Kiristoos woliin awwaalantane; isa wolille'een du'aa kaataneertan; hunna Waaqaa ka Kiristoos du'aa kaasetti waan dhugeeffattaneef, du'aa kaatane. \v 13 Cubbaaleyyii te'uu keessanii fi foon cubbaalessi keessan sun waan haqanqabaa hin qabatiniif isin worra du'eeru; amma ammoo Waaqi Kiristoos woliin jireeyyii isin godheera; yakkaa teessanille duudii isiniif araarameera. \v 14 Inni barreeffama beenya'aa\f + \fr 2:14\fr*\fqa Beenya'aa: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti beenna'aa jedhan.\ft*\f* ka seera keessa jiru, ka nu himataa nu'uun mormaa ture san balleesseera; fannoo irralle'etti diree nu irraa balleesseera. \v 15 Worra hunnaa fi baallii ayyaanaa qabu fannoo saniin injifatee, hidhata isaaniille hiissisee, badhinnatti bayanee akka mudhatanu godhee itti geerare. \p \v 16 Yoona marroo nyaataatii yookiin marroo unto'ootii, marroo guyyaa jilaatii yookiin marroo baatii laakkowu'uu, yookiin marroo Sanbata ulfeessu'uutiif eennulle isinitti hin murin. \v 17 Isaan kun waan gara duraa dhufuuf akka gaaddiddu'uu ti; dhugaan ammoo Kiristoos keessa jirti. \v 18 Nami sobee ifi gadi qabiisaa fi ergantoota ol-gubba'aa waaqonsiisaan ifi jaju, worra gatii hin qanne akka isin hin goone ifi eegadha'a; nami akkasii kun marroo mudhii dhagguutiif ifi saadee, waan gatii hin qanneef yaada fooniitiin ifi jaja. \v 19 Nami akkasii, Kiristoosii mataa nafaa te'eerutti qabatiisa lakkiseera; nafa duudii mitika'aa\f + \fr 2:19\fr*\fqa Mitikaa: \fqa*\ft Yookiin mikitaa\ft*\f* fi ribu'uun wolitti qassiisee ka nyaachisu mata'a; akkasiin guddinna Waaqi fedhu nafi guddata. \v 20 Eega Kiristoos woliin duutanee, ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu jalaa bilisa baatane, maaf akka waan ka biyyaa lafaa teetaneetitti leetan ree? Maaf seera, \v 21 «Kana harkaan hin qabin, san afaaniin hin qabin, kaan hin tuqin!» jedhuuf ajajantan ree? \v 22 Kun maraa ajaja nami baasee fi barumsa namaa irratti waan hundayeeruuf, hujii irra ooleen duuba bu'aa hin qabu. \v 23 Seeroti akkasii kun, waaqonfannaa fedha ifii, ifi gad qabiisa dharaatii fi nafa ifii rakkisuu irratti waan xiyyeeffatanuuf, waan qarooma qabanu fakkaatan; karaa halchaa foonii toowatiisaatiin ammoo gatii hin qabanu. \c 3 \s1 Jiruu Haareya Kiristoosiin \p \v 1 Yoona eega Kiristoos woliin du'aa kaatane, waan ol-gubbaa addee Kiristoos midda Waaqaatitti tee'eeru jiru barbaada'a! \v 2 Marroo waan ol-gubbaa jiruu yaadadha'a malee, marroo waan lafa irra jiruu hin yaadatina'a. \v 3 Isin duutaneertan; jiruun teessanille Kiristoos woliin Waaqa keessa dhokatteerti. \v 4 Kiristoosiin jiruu nuuf te'e yennaa mudhatu, isinille isa woliin ulfinnaan hin mudhattan. \p \v 5 Tanaaf halchaa le'ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu'uu fi waaqota dharaa waaqonsuu ka te'e joljoluu ijjeesa'a. \v 6 Sababa waan kanaatiif worra hin ajajanne irratti mufiin Waaqaa hin dhutti. \v 7 Isinille yennaa worra waan akkasii huju odduu leetanu san waan kana tolchaa turtane. \p \v 8 Amma ammoo; mufii, aarii, jallu'uu fi maqaa wolii balleessuu mara ifi irraa balleessa'a; dubbiin nama fokkisiittulle afaan keessan keessaa hin bayin. \v 9 Namummaa dullacha hujii isaa woliin ifi irraa baattanee waan gattaneertanuuf, dhara wolitti hin dubbatina'a.\x - \xo 3:9 \xo*\xt Efe. 4:22\xt*\x* \v 10 Namummaa haareyalle uffattaneertan; isiille ta akka guutuma guutu'utti isa beettanuuf, Waaqi isii dade fakkeenna ifiititti haaressiisatti jiru.\x - \xo 3:10 \xo*\xt Efe. 4:24\xt*\x* \v 11 Akka kanaan worra Giriikootaatii fi worra Yihudootaa, worra haqanqabaa qabatee fi ka haqanqabaa hin qabatin, orma beekkichaa fi orma gowwicha, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qanne odduu garaa garummaan hin jirtu; Kiristoos ammoo duudi'i, duudii keessa jira. \p \v 12 Yoona worra Waaqaaf filatantane, woyyoontanee fi jaalatantane akkuma teetanetti naasuu, arjummaa, ifi gad qabiisa, qajeelumma'aa fi ossata uffadha'a. \v 13 Wol dande'a; nami namatti quuqameeru yoo jiraate, woliif araarama'a; akkuma Kiristoos isiniif araarame, isinille woliif araarama'a.\x - \xo 3:13 \xo*\xt Efe. 4:32\xt*\x* \v 14 Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju'uun wolitti hidhu uffadha'a. \v 15 Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te'iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te'a. \v 16 Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le'uu ti; qarooma duudi'iin wol barsiisa'a, wol gorsa'a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti'iin Waaqa gadha'aan galateeffataa faarsa'a. \v 17 Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji'iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha'a.\x - \xo 3:17 \xo*\xt Efe. 5:19-20\xt*\x* \s1 Seera Le'ii Maatii Kiristaanaa \p \v 18 Haadhotii manaa! Goottaa duratti waan male waan te'eef abbootii manaa keessaniif ajajama'a. \p \v 19 Abbootii manaa! Haadhotii manaa teessan jaaladha'a; gadhaa jabeeyyiille itti hin te'ina'a.\x - \xo 3:19 \xo*\xt Efe. 6:1\xt*\x* \p \v 20 Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te'eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama'aatii, waan isaan jedhanu mara godha'a. \p \v 21 Abbootii! Akka isaan addii hin kutanne, ijoollee teessan hin aarsina'a.\x - \xo 3:21 \xo*\xt Efe. 6:4\xt*\x* \p \v 22 Worri garbooma jala jirtanu! Goottolee teessan ta lafaatiif waan maraan ajajama'a; ila isaanii duraa fi isaan gammachiisuu qofaaf adoo hin te'in, Goottaa sodaatiisaa fi gadhaa qajeela'aan isaaniif ajajama'a.\x - \xo 3:22-25 \xo*\xt Efe. 6:5-8\xt*\x* \v 23 Woma gootanu maraa namaaf adoo hin te'in, akka waan Gootta'aaf gootanuutitti, gadhaa tokkochaan godha'a. \v 24 Sababille Goottaan dhaala ol-gubba'aa gatii tolchee akka isiniif kennu isin hin beettan; Goottaan isin tajaajiltanulle Kiristoos. \v 25 Nama woli caalchisuun Waaqa bira waan hin jirreef, nami balleessaa huju, balleessaa ifii saniif gatii hin dhaggata.\x - \xo 3:25 \xo*\xt Efe. 6:9\xt*\x* \c 4 \p \v 1 Goottole'e! Isinille ol-gubba'atti Goottaa akka qaddanu beeka'aatii, tajaajiltoota teessan qajeelumma'aa fi wol qixxumma'aan bulcha'a.\x - \xo 4:1 \xo*\xt Efe. 6:9\xt*\x* \s1 Gorsa Dabalataa \p \v 2 Waaqa jabaattanee galateeffatiisaan, adoo addaan hin kutin daadimadha'a. \v 3 Akkasuma dhossaa Kiristoosii, ka ani marroo isi'iitiif hidhamee jirulle lallabiisaaf akka dandeennu, Waaqi ergaa ifiitiif akka karaa nuu banu daadimadha'a. \v 4 Anille akka maltetti ifa tolchee ergaa isaa akka dubbadhu naaf daadimadha'a. \p \v 5 Yennaa daguu teete maratti fayyadamaa, worra hin dhugeeffanne biratti qaroomaan le'a.\x - \xo 4:5 \xo*\xt Efe. 5:16\xt*\x* \v 6 Nama tokko tokkoofuu deebii malte deebisiisa akka beettanu, haasonni keessan yennuma maraa ka gurratti toluu fi ka akka sooddaa mi'awu te'uu ti. \p \v 7 Tikiqoos, marroo waan kiyyaa waan mara isinitti hin hima; inni tajaajilaa addatama'aa fi lansa kiyya ka hujii Gootta'aa na woliin huju. \v 8 Akka inni marroo teenna isinitti himuu fi gadhaa keessan jajjabeessuuf, isa gara keessan erge.\x - \xo 4:8 \xo*\xt Efe. 6:21-22\xt*\x* \v 9 Isa wolille'een nama keessan ka te'e, obboleessi addatama'aa fi jaalatamaan Oneesimoos gara keessan hin dhufa; isaan waan asitti te'iisatti jiru duudii isinitti hin himan.\x - \xo 4:9 \xo*\xt Film. 10-12\xt*\x* \p \v 10 Arisxaarkosiin na woliin hidhameeru nageya isiniif dhaama. Durriin Baarnaabaasii Maarqoosiin ani duraan, «Yennaa inni gara keessan dhufe fudhadha'a jedhee isin yaadachiiselle» nageya isiniif dhaama.\x - \xo 4:10 \xo*\xt HuE. 19:29; 27:2; Film. 24; HuE. 12:12\xt*\x* \v 11 Yoshu'aan Yusxos jedhamulle nageya isiniif erga; worra marroo mootummaa Waaqaatiif na woliin huju keessaa, worri Yihudootaa kana qofa; isaan analle jajjabeessaneeran. \p \v 12 Akkasuma Ephafraasiin nama keessan te'e, tajaajilaan Kiristoos Yesuusii nageya isiniif erga; jiruu ayyaanaatiin guddatiisaan jabaattanee, akka dhaabbattanuu fi fedha Waaqaa mara akka muummessitanu, inni yennaa mara isiniif jabaatee daadimata. \v 13 Inni isinii fi worra qachoota Laa'odiiqeya'aatii fi Heraapholisii keessa jiruuf guddoo akka elowe aninuu dhugaa hin bayaaf. \v 14 Cidheessi jaalatamaan Luqaasii fi Deemaas nageya isiniif dhaaman.\x - \xo 4:14 \xo*\xt 2 Xim. 4:10-11; Film. 24\xt*\x* \p \v 15 Obboleeyyan Laa'odiiqeyaa keessa jirtu Niimfa'aa fi wolde'a kiristaanaa ka mana isi'iititti wolitti qabamuuf nageya naa hima'a! \v 16 Xalayaa kana ifii dubbifattaneen duuba, wolde'a kiristaanaa ka Laa'odiiqeyaa keessa jirulle'etti akka dubbifamu godha'a. Isinille xalayaa Laa'odiiqeyaa irraa ergamu dubbifadha'a. \v 17 Arkiphosille'een, «Hujii karaa Gootta'aatiin fudhatte san akka muummessitu te'i» jedha'aa naa hima'a.\x - \xo 4:17 \xo*\xt Film. 2\xt*\x* \p \v 18 Ani Phawuloos nageya kana harkuma kiyyaan isiniif barreesse; akka ani wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiru yaadadha'a! \p Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.