\id AMO - Guji Bible \ide UTF-8 \h Amosii Raagichaa \toc1 Kitaaba Amosii Raagichaa \toc2 Amosii Raagichaa \toc3 Amo. \mt1 Kitaaba Amosii Raagichaa \imt Seensa \ip Biyyi «Israa'el» jedhantu mootummoota lamatti qoodante. Ta gara kaabaa «Israa'el» jedhanti. Ta gara kibbaa «Yihudaa» jedhanti. Amos muuxannoo raagiisaa hin qabu; barnoota raaga dubbatiisaalle hin qabu (7: 14). Mootiin Waan Maraa ammoo kolbaa Israa'elii ta mootummaa kaabaa keessa jirtuuf ergaa akka dabarsu yennaa isa erge, Amos ollaa ifii ka Yihudaa keessaa Teqo'aa lakkisee deeme. Inni achii ka'ee gara addee waaqonfannaa Israa'elootaa Bet'el dhaqe. \ip Kitaaba kana keessatti Amos dursee kolbaa adaala san jirtu morma; achiin duuba kolbaa Israa'elii keessattuu worra dureeyyii morma. Isaan kolbaa saamiisaaf, garba godhataneelle bulchiisaaf hunna guddoo qabaniiyyu. Isaan keessaa nami hedduun Mootii Waan Maraatiin ala waaqota dharaa ka waaqonfatanu ka dhibii qabaatanulle Mootiin Waan Maraa akka isaan eegu addii itti godhataniiyyu. Amos ammoo cubbuu ifii hujanee akka isaan adabamanu isaanitti himee, \ip «Waan hantuu jibba'a; waan dansaa jaaladha'a. Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii worra hafaneef hin marara fa'a te'aa, badhinna kora mura'aa maratti haqi akka dhidhatu hin godhina'a» jedhe. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Kolbaan yakkaa ifiitiif akka adabantu\ior 1:1—3:2\ior* \io1 Badii Israa'eliitii fi Samaariya'aa\ior 3:3—6:14\ior* \io1 Marroo adabamiisa Israa'elii, mudhii shan ta Amos dhagge\ior 7:1—9:10\ior* \io1 Adde'etti Deebi'iisa Israa'elii\ior 9:11-15\ior* \c 1 \p \v 1 Bara Uziyaan Yihudaa irratti, ilmi Yeho'aashii Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ane, tissitoota qachaa Teqo'aa keessaa tokko ka te'e Amos, tacho'iis lafaa adoo hin te'in woggaa lamaan duratti raagi inni marroo Israa'eliitiif raage ka asii gad jiru: \v 2 Inni, «Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irraa hin harqa; \q2 Yerusaalem keessalle'ee hin mandi'a; \q2 kaloon tissitootaa hin goddi; \q2 marri qaccee gaara Qarmelosii irraa hin qoora» jedhe. \s1 Muraa Waaqaa Ta Worra Ollaa Israa'elii jiru Irratti Dhufu'uu Jirtu \s2 Sooriya'atti \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Worri qachaa Damaasqo'oo korboo ilkaan sibiilaa qaddu \q2 worra biyya Giil'aadii irra waan oofaneef, \q2 anille marroo cubbuu kolbaan Damaasqo'oo itti deddeebitee hujjeetiif, \q2 isaan hin adaba. \q1 \v 4 Maarre ani ibidda kushee jadduu Ben-Hadaadii mootichaa luxub godhu, \q2 mana mooticha Hazaa'eliititti hin erga. \q1 \v 5 Ani danqaraa karra Damaasqo'oo hin caccassa; \q2 kolbaa dhooqa Aween keessaatii fi \q2 mooticha Bet-Edeenii hin balleessa; \q2 worri Sooriya'aalle\f + \fr 1:5 \fr*\fqa Sooriyaa: \fqa*\ft Bara durii Aaram \ft*\ft jedhanti.\ft*\f* booji'amanee \q2 gara biyya Qiirii hin dhaqan» jedha. \p \v 6 Mootiin Waan Maraa, «Worri qachaa Gaaza'aa \q2 kolbaa booji'ane mara \q2 worra Edoomiititti dabarsanee kenniisaan \q2 itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef, \q2 ani isaan hin adaba. \q1 \v 7 Maarre ani ibidda kushee isi'ii luxub godhu \q2 dalleya dhaka'aa ka qachaa Gaaza'aatitti hin erga. \q1 \v 8 Ani worra qachaa Ashidoodii keessa le'uu fi \q2 mooticha Ashiqalonii hin balleessa. \q1 Ani worra qachaa Eqroonii keessa le'u hin adaba; \q2 worri Filiisxiyaa keessatti hafane marti hin badan» jedha. \s2 Xiiroositti \p \v 9 Mootiin Waan Maraa, «Worri qachaa Xiiroosii \q2 gondooroo obbolumma'aa diiganee, \q2 kolbaa booji'ane mara \q2 worra Edoomiititti dabarsanee kenniisaan \q2 itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef, \q2 ani isaan hin adaba. \q1 \v 10 Maarre ani ibidda kushee isi'ii luxub godhu, \q2 dalleya dhaka'aa ka qachaa Xiiroosiititti hin erga» jedha. \s2 Edoomitti \p \v 11 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Worri Edoomii obboleeyyan ifii Israa'eloota, \q2 marartii malee shallaaga'aan waan ari'aneef, \q2 aariin isaanii yennaa mara isaan irratti waan bobeetteef, \q2 mufiin isaanii haga bara baraa waan teeteef, \q2 ani isaan hin adaba. \q1 \v 12 Maarre ani ibidda kushee qachaa Bozra'aa luxub godhu, \q2 qachaa Temaaniititti hin erga» jedha. \s1 Muraa Amoonitti Dhufu'uu Jirtu \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Worri Amoonii meessaa biyya ifii badhifatiisaaf, \q2 gadhaa dubartii ulfaa ta worra Giil'aadii baqasiisaan, \q2 itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef, \q2 ani isaan hin adaba. \q1 \v 14 Maarre ani ibidda kushee isi'ii, guyyaa lolaa iyya keessa, \q2 guyyaa bokkeya bubbe'ee, qilleensa jabaa keessa luxub godhu, \q2 dalleya dhaka'aa ka qachaa Raaba'aatitti hin erga. \q1 \v 15 Mootiin isi'ii, qondaaltota ifii woliin hin booji'ama» jedha. \c 2 \s1 Muraa Mo'aabitti Dhufu'uu Jirtu \q1 \v 1 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Worri Mo'aabii lafee mootii Edoomii \q2 haga daadhaa teetutti gubiisaan \q2 itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef, \q2 ani isaan hin adaba. \q1 \v 2 Maarre ani ibidda kushee qachaa Keriyotii luxub godhu, \q2 qachaa Mo'aabiititti hin erga; \q2 Worri Mo'aabii hogaa guddaa \q2 iyya lolaatii fi \q2 qoonqoo tultulla'aa keessa hin dhumatan. \q1 \v 3 Ani bulchaa isi'ii hin balleessa; \q2 qondaaltota isi'ii mara \q2 mootii isi'ii woliin hin ijjeesa» jedha. \s1 Muraa Yihuda'atti Dhufu'uu Jirtu \p \v 4 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Worri Yihuda'aa seera kiyya didanee, \q2 seerata kiyyalle waan hin eegatiniif, \q2 waaqota dhara ka abbootiin isaanii ta durii \q2 hordofatte hordofiisaan, \q2 itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef, \q2 ani isaan hin adaba. \q1 \v 5 Maarre ani ibidda kushee qachaa Yerusaalemii luxub godhu, \q2 qachaa Yihuda'aatitti hin erga» jedha. \s1 Muraa Israa'elitti Dhufu'uu Jirtu \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Worri Israa'elii worra balchoota meeti'itti, \q2 worra hiyyeeyyii kophee miilaatitti gurguratiisaan, \q2 itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef \q2 ani isaan hin adaba. \q1 \v 7 Isaan mataa worra hiyyeeyyi'ii bukuu irratti irra sirban; \q2 worra cunqurfameef muraa haqaa hin kennanu; \q2 abba'aa fi ilmi dubartii takkaa woliin sagaagaliisaan \q2 maqaa kiyya woyyicha batteessan. \q1 \v 8 Isaan addee ciinca'aa mara cinaa, \q2 woyaa worra hiyyeeyyii liqaa kaffaluu hin dandeenne \q2 irraa qabatane irra rafan. \q1 Daadhii woyni'ii ta worra adabame \q2 irraa fuudhane \q2 mana Waaqa ifii keessatti unan. \b \q1 \v 9 «Ani worra Amoorotaa \q2 ka akka muka hindheensaa dheeratanu, \q2 ka akka muka qilxa'aa jabaatanu san \q2 fuula isaanii duraa balleesse. \q1 Midhaan isaan irraatii fi \q2 hidda isaanii isaan jalaa balleesse. \b \q1 \v 10 «Ani lafa Amoorotaa isiniif kenniisaaf, \q2 biyya Gibxi'ii keessaa isin baasee \q2 woggaa afurtama lafa goomole'ee keessa isin sooresse. \q1 \v 11 Ani ilmaan teessan keessaa raagota, \q2 dargaggoota teessan keessaa \q2 worra Waaqaaf adda baye isiniif kaaseera. \q1 Ee kolbaa Israa'elii tun dhugumaa motii ree? \q1 \v 12 Isin ammoo worra Waaqaaf adda baye \q2 daadhii woyni'ii akka unanu gootanee, \q2 raagotille raaga akka hin dubbanne ajajjane. \q1 \v 13 Maarre akkuma garreettaan midhaan ba'ateeru \q2 waan isa jala jiru butuchu, \q2 anille isin hin butucha. \q1 \v 14 Nami akka malee rukkisu duraa hin bayu; \q2 worri jajjabi jabeenna ifii hin dhaban; \q2 worri lolulle lubbuu ifii hamburatiisa hin dande'anu. \q1 \v 15 Worri guube'een lolu dura hin dhaabbatu; \q2 loltooti rukkisuu dande'anulle duraa hin bayanu. \q1 Abbootiin fardaalle lubbuu ifii hin hamburatanu. \q1 \v 16 Guyyaa san loltooti goototinuu qullaa hin baqatan» jedha. \c 3 \s1 Raaga Israa'el Irratti Dubbatame \p \v 1 Ee kolbaa Israa'elii, \q2 dubbii Mootiin Waan Maraa \q2 isin worra biyya Gibxi'ii keessaa baase maratti \q2 dubbatu tana dhage'a'a! \q1 \v 2 Inni, «Ani kolbaa biyya lafaa keessaa isin callaa filadhe; \q2 tanaaf cubbuu teessan maraaf ani isin hin adaba» jedheera. \q1 \v 3 Nami lama woliin deemiisaaf adoo wolii hin galin \q2 karaa hin deemanii? \q1 \v 4 Neenqi gongomaa keessatti \q2 waan adansee nyaatu adoo hin dhaggin \q2 dhangaa hin dhowaa? \q1 Neenqi dardarri waan tokko adoo hin qabatin \q2 mandhee ifii keessaa hin gurura'aa? \q1 \v 5 Sinbirreen fonxoroo adoo itti hin afamin \q2 lafa irratti tiyyoo keessa hin seentii? \q1 \v 6 Tultullaan lolaa qachaa keessatti yennaa afuufamu, \q2 kolbaan hin sodaattuu ree? \q2 Mootiin Waan Maraa adoo hin eeyyamin \q2 wonni hantuun qacha'atti hin dhuttii ree? \q1 \v 7 Dhugumaan Goottaan, Mootiin Waan Maraa \q2 dhossaa jirtu tajaajiltoota ifii raagotatti adoo hin mudhisin \q2 waan tokkolle hin godhu. \q1 \v 8 Neenqa dhangaa dhowe, \q2 ka hin sodaanne eennu ree? \q2 Mootiin Waan Maraa eega itti dubbatte, \q2 ka raaga hin dubbanne eennu ree? \s1 Badii Qachaa Samaariya'aa \q1 \v 9 Kushee jajjadduu Ashidoodiitii fi \q2 kushee jajjadduu biyya Gibxi'iititti lallaba'aatii, \q2 «Gaara Samaariya'aa irratti wolitti qabama'a; \q2 hogaa isii keessaatii fi \q2 cunqursaa odduu kolbaa isi'ii jiru ilaala'a» jedha'aan. \q1 \v 10 Mootiin Waan Maraa, «Isaan waan sirrii te'e \q2 attam akka hujanu hin beekanu; \q2 waan hunnaan nama irratti ka'anee \q2 saamaneen mana ifii guutatan» jedha. \q1 \v 11 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, \q2 «Diinni lafa hin qabata; \q2 kushee jajjadduu teessan diigee \q2 mana keessanille hin saama» jedha. \q1 \v 12 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Akkuma tisseen afaan neenqaa irraa \q2 lafee lukaa lama yookiin gurra ciccitaa callaa buufattu, \q2 Israa'elooti Samaariyaa keessatti qaccee taqee ifii irra, \q2 Damaasqoo keessattille taqee gaggabaadduu ifii irra tee'anu, \q2 akkasuma hin hafan» jedha. \q1 \v 13 Goottaan Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, \q2 «Tana dhage'a'aatii sanyii Yaaqoobii irratti dhugaa baya'a. \q1 \v 14 Guyyaa ani marroo cubbuu isaaniitiif Israa'eloota adabu, \q2 addee ciinca'aa ta Bet'elii hin diiga; \q2 gaafoti addee ciinca'aa \q2 muramanee lafa harca'an. \q1 \v 15 Ani mana isaan yennaa gannaatii fi \q2 yennaa bonaa keessa tee'anu mara hin diiga; \q2 manni ilka arbaatiin seefamee ijaarame marti hin bada; \q2 Galmi gugurdaalle barbadeeffamee bada» jedha. \c 4 \q1 \v 1 Isin dubartooti akka sa'oolee Baashaanii, \q2 ta gaara Samaariya'aa irratti gabbattanee, \q2 worra hiyyeeyyii ka cunqursitanu, \q2 worra rakkataalle ka butuchitanu, \q2 abbootii worra teessaniin, \q2 «Daadhii nu'uuf fida'a!» ka jettanu, \q2 jecha kana dhage'a'a! \q1 \v 2 Goottaan Mootiin Waan Maraa \q2 woyyummaa ifiitiin kakatee, \q2 «Guyyaan isin malxaqqo'oon \q2 harkifantanu hin dhufa; \q2 worri isin keessaa hafanelle \q2 malxaqqoo qurxummi'iitiin hin harkifaman. \q1 \v 3 Tokko tokkoo keessan \q2 qowa dalleya dhaka'aa ka fuula keessan duraatiin \q2 harkisanee gara gaara Hermoonii isin hin baasan» jedha. \s1 Israa'el Baratiisa Didde \q1 \v 4 Goottaan Mootiin Waan Maraa, \q2 «Ee kolbaa Israa'elii, \q2 Bet'el dhaqa'aatii cubbuu huja; \q2 Giilgaliille dhaqa'aatii cubbuu baceessa'aa huja'a; \q2 guyyuma guyya'aan ciincaa, \q2 guyyaa sad saditti \q2 kudhan keessaa tokko dhikeessa'a. \q1 \v 5 Ee Israa'eloota, \q2 wonni isin godhiisaaf jaalattanu tana waan teeteef, \q2 daabboo uukoo qaddu irraa ciincaa galataa dhikeessa'a; \q2 kennansa fedhii teessaniin kennitanuun \q2 ifi jaja'aatii koora'a» jedha. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Qachoota gugurdaa keessan mara keessatti \q2 wonni afaaniin qaddanu akka hin dhagganne, \q2 qachaa mara keessatti \q2 sagaleen akka dhabantu ka godhe ana; \q2 isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine. \q1 \v 7 Midhaan galfatiisaaf jiin sad adoo jiruu \q2 bokkeya isin irraa dhoogge; \q2 qachaa tokkotti bokkeenni akka roobu, \q2 qachaa kaanitti bokkeenni akka roobuu hin dandeenne godhe. \q1 Fichaan tokko bokkeya qaba; \q2 fichaan dhibiin bokkeya dhabee goge. \q1 \v 8 Maarre namooti bisaan barbaadatiisaaf, \q2 qachaa tokko irraa gara qachaa tokkoo joonjane; \q2 te'uu malee unanee dheebuu bawuu hin dandeenne; \q2 isin haga ammaa gara kiyya hin deebine» jedha. \p \v 9 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Ani yennaa hedduu gugguufa'aa fi shanto'oon \q2 oorru'uu fi muka woyni'ii keessan balleesse. \q1 Muka harru'uutii fi muka ejersaa keessan \q2 awwaannisi nyaatee fixe; \q2 isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine. \q1 \v 10 Ani balaa biyya Gibxi'iititti erge \q2 isin irralle'etti erge. \q2 Dargaggoota teessan shallaaga'aan ijjeesisee, \q2 fardoota teessan akka booji'amanu godhe; \q2 addee qubattanetti reeffi nama du'ee \q2 akka isinitti ajowu godhe; \q2 isin haga ammaa gara kiyya hin deebine» jedha. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Ani Sodoomii fi Gomoraa akkuma balleesse, \q2 isin keessalle'ee garii balleesseera. \q1 Isin keessaa gariin akka muka \q2 ibidda bobe'u keessaa butamee ti; \q2 isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine. \q1 \v 12 Tanaaf, ee kolbaa Israa'elii \q2 ani akkasuma isin irratti hin godha; \q2 ani tana isin irratti waan godhuuf, \q2 ee kolbaa Israa'elii, Waaqa keessan woliin \q2 wol dhaggiisaaf qophowa'a» jedha. \q1 \v 13 Ka gaara huje, \q2 qilleensalle ka dade, \q2 ka yaada ifii namatti mudhisu, \q2 ka ganama gara dukkanaatitti jijjiiru \q2 ka gooroo lafaa irra ideemu, \q2 maqaan isaa Mootii Waan Maraa \q2 Waaqa Waan Mara Dande'u. \c 5 \s1 Kolbaan Israa'elii Araara akka Galtuuf Waammante \p \v 1 Ee kolbaa Israa'elii wolaloo gaddaa ta ani marroo teessaniif dubbadhu tana dhage'a'a: \q1 \v 2 Israa'eliin akka durraa jiddeerti; \q2 deebiteelle hin kaatu; \q2 lafuma ifii keessatti gatante; \q2 nami isii ol kaasulle hin jiru. \q1 \v 3 Goottaan Mootiin Waan Maraa, \q2 «Qachaan guddichi Israa'elii ka loltoota kuma duula baase, \q2 isaan keessaa loltoota dhibba qofatti isaaf hafa. \q1 Qachaan loltoota dhibba duula baase, \q2 isaan keessaa loltoota kudhan qofatti isaaf hafa» jedha. \p \v 4 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiin, \q2 «Ana barbaadadha'aatii, jiru'uun jiraadha'a! \q1 \v 5 Giilgal dhugumaan waan booji'antuuf, \q2 Bet'elille waan woy hin baaneef, \q2 Bet'el hin barbaadina'a; \q2 Giilgal hin dhaqina'a \q2 Bersheebaalle hin dhaqina'a» jedha. \p \v 6 Mootii Waan Maraa barbaadadha'aatii jiru'uun jiraadha'a; \q2 yoo akkas hin te'in \q2 inni kolbaa Israa'elii akka ibiddaa luxub hin godha; \q2 worra Bet'eliille ibiddi hin fixa; \q2 nami isa irraa dhaanfulle hin jiru. \q1 \v 7 Worri haqa gara hadha'aatitti jijjiirtanu, \q2 dhugaalle ka lafatti gattanu isiniif aanne'e! \b \q1 \v 8 Urjoota, «Torbii\f + \fr 5:8 \fr*\fqa Torbii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Paaldiyaas \fqa*\ft jedhaman.\ft*\f*» jedhamanu ka dade, \q2 urjoota, «Sadee\f + \fr 5:8 \fr*\fqa Sadee: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Ooriyoon \fqa*\ft jedhaman.\ft*\f*» jedhamanulle ka dade, \q2 dukkana gara ifa guyya'aa, \q2 guyyaalle dukkaneessee gara halkanii ka jijjiiru, \q2 bisaan abbaaya'aa waamee, \q2 lafa irra akka lola'u ka godhu, \q2 maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti! \q1 \v 9 Inni kushee jadduu hin bobeessa; \q2 qachaa guddaa dalleenni dhaka'aa jabaan itti ijaarame \q2 irralle'etti badii hin fida. \q1 \v 10 Isin badhinna mura'aatitti nama dhuga'aaf falmu jibbitan; \q2 nama dhugaa dubbatu tuffattan. \q1 \v 11 Isin worra hiyyeeyyii cunqursitan; \q2 hunnaan akka isaan midhaan kennanu gootan. \q1 Tanaaf, isin dhakaa bocameen mana ijaarrattanulle, \q2 achi keessa hin leetanu. \q1 Isin muka woyni'ii ka isin gammachiisu dhaabattanulle, \q2 daadhii woyni'ii irraa hin untanu. \q2 \v 12 Yakkaan teessan attam bacaa akka teetee fi \q2 cubbuun teessan attam attam guddoo akka teete \q2 ani hin beeka. \q1 Isin worra balchaa cunqursitanee, \q2 safuu irraa fudhattanee, \q2 worri hiyyeeyyiin badhinna kora mura'aatitti \q2 haqa akka hin dhagganne gootan. \q1 \v 13 Tanaaf barri hamaa waan te'eef, \q2 yennaa akkasiititti nami qalbeeffataan \q2 cadhi hin jedha. \p \v 14 Isin jiru'uun akka jiraattanuuf, \q2 waan dansaa malee waan hantuu hin barbaadina'a. \q2 Achiin duuba akkuma isin jettanu \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 Waaqi Waan Mara Dande'u \q2 isin woliin hin jiraata. \q1 \v 15 Waan hantuu jibba'aatii, \q2 waan dansaa jaaladha'a; \q2 badhinna kora mura'aatitti \q2 haqi akka jiraatu godha'a. \q2 Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u \q2 kolbaa Israa'elii worra hafeef hin marara fa te'a. \p \v 16 Tanaaf Mootiin Waan Maraa \q2 Waaqi Waan Mara Dande'u, \q2 «Karaa mara irratti wiiccifati bowaa, \q2 woldeennaa kara'aa mara irratti \q2 iyyi farraa hin teeti. \q1 Qonnaan bultooti bowaaf, \q2 worri boochisulle wiiccifatiisaaf hin waamaman. \q1 \v 17 Oorruu woyni'ii mara keessatti wiiccifati bowaa hin te'a; \q2 ani isin adabiisaaf odduu teessan waan dabaruuf, \q2 tun marti isin irratti hin teeti» jedha. \p \v 18 Isin worri guyyaa Mootii Waan Maraa halchitanu isiniif aanne'e! \q2 Isin maaf guyyaa Mootii Waan Maraa halchitan? \q1 Guyyaan sun guyyaa dukkanaa ti malee \q2 ifaa moti. \q1 \v 19 Guyyaan sun akka nama neenqa duraa adoo dheetuu \q2 doobba'atti\f + \fr 5:19 \fr*\fqa Doobbaa: \fqa*\ft Bineensa hamaa iyyaa fakkaatu.\ft*\f* dhufuu, \q2 yookiin isa duralle'ee bayee \q2 mana ifiititti galee dhaaba manaa yennaa qabatu \q2 dhudhuufaan idduu ti. \q1 \v 20 Guyyaan Mootii Waan Maraa sun ifa adoo hin te'in, dukkana \q2 dimma wililleettiin ifaa keessa hin jirree motii ree? \p \v 21 Mootiin Waan Maraa, «Ani jila teessan mara jibbee, tuffadhe; \q2 yaa'iin teessanille na hin gammachiittu. \q1 \v 22 Isin kennansa gubamuu fi \q2 kennansa midhaanii naaf dhikeessitanulle, \q2 ani hin fudhadhu. \q1 Horii gagabbaa kennansa tokkumma'aatiif dhikeessitanulle, \q2 ani hin ilaalu. \q1 \v 23 Iyya faaruu teessanii na irraa fageessa'a; \q2 ani yoyyoma kiraara guddicha keessanii hin caqasu. \q1 \v 24 Ammoo haqi akka bisaan lagaa, \q2 balchummaalle akka madda hin gonnee lolaatuu ti. \b \q1 \v 25 «Ee kolbaa Israa'el, \q2 woggaa afurtama goomolee keessatti \q2 isin ciinca'aa fi kennansa \q2 naaf dhikeessitaneertanii ree? \q1 \v 26 Waan ifumaaf hujjane, \q2 mootii keessan waaqa dharaa, ka, ‹Saakuut› jedhamuu fi \q2 waaqa dharaa ka fakkii urji'ii, ka ‹Kiiyoon› jedhamu ba'attan. \q1 \v 27 Tanaaf ani qachaa Damaasqo'oo irraa fagaattanee \q2 akka isin booji'antanu hin godha» jedha; \q2 maqaan isaa Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara Dande'u. \c 6 \s1 Adabamiisa Israa'elii \q1 \v 1 Worri Xiyoon keessa qananumma'aan leetanu, \q2 ka bidhaa malee gaara Samaariya'aa irra teettanu, \q2 worri kolbaan Israa'elii qarqaarsa dhaggatiisaaf \q2 gara keessan dhufanu, \q2 isin qondaaltoti gosa \q2 worra gosa biyya adda addaa taan ka caaltanu \q2 worri ifi seetanu \q2 isiniif aanne'e! \q1 \v 2 Gara qachaa Kaalnee dabara'aatii ilaala'a; \q2 achille'ee gara qachaa guddaa, «Haamaat» jedhamuu dhaqa'a; \q2 achiin duuba gara qachaa Filisxeemotaa \q2 gara qachaa Gaatii gad bu'a'a. \q1 Isaan mootummoota teessan lamaan hin caalanuu ree? \q2 Yookiin latti isaanii lafa teessan caalaa hin badhattuu ree? \q1 \v 3 Isin guyyaa hamaa akka fagaatu gootanee, \q2 bulchiinsa hunnaa akka dhikaatu gootan. \q1 \v 4 Isin taqee ilka arbaatiin seefante irra rattan; \q2 taqee gaggabaadduu irra balxiixxan. \q1 Hoolee keessaa foon buruusotaa, \q2 loon keessaa foon jabbi'ii nyaattan. \q1 \v 5 Isin kiraara guddicha hin qanya'aminiin sirbitan; \q2 akka Daawitiille meya faaru'uutiin faarfatiisa barbaaddan. \q1 \v 6 Isin daadhii woyni'ii okkote'een untan; \q2 fiqiree, fiqiree mara caaltu dibattan malee, \q2 badii sanyii Yoseefii irra geettuuf hin gadditanu. \q1 \v 7 Tanaaf isin worra booji'amu keessaa ka qaraa hin teetan; \q2 fexxeessi keessanii fi \q2 dalaqiis\f + \fr 6:7 \fr*\ft Dalaqiis: \ft*\fqa Yookiin bashannaniis yookiin ashalaqiis\fqa*\f* keessan hin hafan. \p \v 8 Goottaan Mootiin Waan Maraa, Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, ifiin kakatee, \q2 «Koora kolbaa Israa'elii jibbeera; \q2 kushee isi'iille diqadheera; \q2 tanaaf qachaa isaaniitii fi \q2 waan qachaa keessa jiru mara \q2 diinotaaf dabarsee hin kenna» jedheera. \p \v 9 Mana tokko keessatti nami kudhan yoo hafe, isaanille hin du'an. \v 10 Firri aanti'ii ka nama du'ee sun mana keessaa fuudhee reeffa awwaaliisaaf yoo dhufe, nama mana keessatti dhokateeruun, «Nami dhibiin si woliin jiraa?» jedhee gaafata; nami sunille, «Hin jiru» jedhee deebisa; nami fira aanti'ii sunille, «Cadhisi! Maqaa Mootii Waan Maraa dhowuu hin qannu» hin jedha. \q1 \v 11 Mootiin Waan Maraa waan ajajeef, \q2 manni gugurdaan hurbamanee hin diigaman; \q2 manni didiqqaalle bubbututee hurraa hin te'an. \q1 \v 12 Fardooleen rassaa irra hin gulufanii ree? \q2 Nami tokko qotiyyo'oon achi irra hin qotaa ree? \q1 Isin ammoo haqa gara waan hadhowuutitti, \q2 hujii balchumma'aalle gara hammeennaatitti jijjiirtane. \q1 \v 13 Isin worri qachaa, «Lodbaar\f + \fr 6:13 \fr*\fqa Lobdaar: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Waan bu'aa hin qanne \fqa*\ft jechu'u. \ft*\f*» jedhamu \q2 qabatanee firinxiixxanu, \q2 ka qachaa, «Karnaayim\f + \fr 6:13 \fr*\fqa Karnaayim: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Gaafa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhamu \q2 jabeenna keennaan fudhanne jettanu, \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, \q2 «Ee kolbaa Israa'elii, \q2 ani kolbaa takka isin irratti hin kaasa; \q2 kolbaan sunille gara Kaabaatiin \q2 seensuma qachaa Haamaatii irraa jalqaddee, \q2 gara kibbaatiin haga dhooqa Arabaatitti isin hin cunqursiti» jedha. \c 7 \s1 Awwaannisa, Ibiddaa Fi Tumbii \q1 \v 1 Kun waan Goottaan Mootiin Waan Maraa natti mudhise: \q2 Midhaan mootichaa haammamee galeen duuba, \q2 haaga'een yennaa lattu \q2 Mootiin Waan Maraa awwaannisa buuse. \q1 \v 2 Awwaannisi marra lafa irraa nyaatee yennaa fixe, \q2 ani, «Ee Gootta'a Mootii Waan Maraa, \q2 maganne'e Israa'eliif araaram; \q2 Israa'el hunna waan hin qanneef, \q2 attam waan kana irraa hafuu dandeetti ree?» jedhee daadimadhe. \p \v 3 Maarre Mootii Waan Maraa marroo waan kanaa gaabbee, \q2 «Tun hin teetu» jedhe. \s1 Mudhii Ibiddaa \p \v 4 Tun waan Goottaan Mootiin Waan Maraa natti mudhise: Goottaan Mootiin Waan Maraa ibidda mura'aa waame; ibiddi sun abbaayaa qile'ee gossee lafa luxub godhe. \v 5 Achiin duuba ani, «Ee Gootta'a Mootiin Waan Maraa, \q2 ibidda kana akka dhaamu godhi; \q2 Israa'el hunna waan hin qanneef, \q2 attam ibidda kana irraa hafuu dandeetti ree?» jedhee daadimadhe. \p \v 6 Maarre Mootiin Waan Maraa \q2 marroo waan kanaa gaabbee, «Tun hin teetu» jedhe. \s1 Mudhii Tumbi'ii \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa mudhii dhibii natti mudhise: \q2 Kunoo Mootiin Waan Maraa tumbii qabatee, \q2 dalleya dhaka'aa ka tumbi'iin qajeelfame \q2 ijaarsa bira dhaabbateeraayyu. \q1 \v 8 Inni anaan, «Amos! \q2 Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate. \q2 Anille, «Tumbii dhaggiisatti jira» jedheen. \q1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, \q2 «Kunoo, ani tumbii kolbaa tiyya Israa'el odduu hin keya; \q2 haganaa achi ani adoo isaan hin adabin \q2 irra hin dabaru. \q1 \v 9 Addeen waaqonfanna'aa ta Yisihaqii hin baddi; \q2 addeen woyyittiin Israa'eliille hin diiganti; \q2 sanyii Yerobi'aamii mootichaa irratti \q2 ani shallaagaa kiyyaan hin ka'a» jedhe. \s1 Amosii fi Amaasiyaas \q1 \v 10 Achiin duuba hayyichi Bet'elii Amaasiyaas, \q2 gara Yerobi'aamii mootii Israa'elii ergaa ergee, \q2 «Kunoo Amos kolbaa Israa'elii oddu'utti \q2 mala si'itti dhowiisatti jira; \q2 waan inni dubbatiisa jiru \q2 latti tun ba'atiisa hin dandeettu. \q1 \v 11 Inni, ‹Yerobi'aam shallaaga'aan hin du'a; \q2 kolbaan Israa'eliille dhugumaan biyya ifiitii \q2 booji'antee hin ideenti› jedha» jedheen. \q1 \v 12 Achiin duuba Amaasiyaas Amosiin, \q2 «Ee ati nama mudhii dhaggitu, \q2 gara biyya Yihuda'aa baqadhuu asii deemi; \q2 achitti raaga dubbataa, \q2 sagalee ittiin nyaadhu. \q1 \v 13 Bet'el addee woyyittii mootichi itti sagadu, \q2 Galma Waaqaa ka mootumma'aa waan teeteef, \q2 addee tanatti deebitee raaga hin dubbatin» jedheen. \q1 \v 14 Amosille deebisee Amaasiyaasiin, \q2 «Ani nama horii tissaa, \q2 muka harru'uulle kunuunsu malee \q2 raagichaa moti \q2 yookiin ilma raagichaalle'ee moti. \q1 \v 15 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 addee ani horii tissuu na fuudhee, \q2 ‹Dhaqiitii kolbaa tiyya Israa'elitti \q2 raaga dubbadhu› naan jedhe. \q1 \v 16 Ammalle ati \q2 jecha Mootii Waan Maraa dhage'i; \q2 ati, ‹Israa'el irratti raaga hin dubbatin; \q2 kolbaa Israa'elii \q2 sanyii Yisihaqiititti hin lallabin!› \q2 naan jetteerta. \q1 \v 17 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, \q2 ‹Haati manaa teeti qachaa keessatti \q2 sagaagaltittii hin teeti; \q2 ilmaan teetii fi durri teeti \q2 shallaaga'aan hin du'an. \q1 Lafa teeti wodaro'oon mikanee hin qoodaman; \q2 atille lafa worra Yihudoota hin te'inii keessatti hin duuta; \q2 kolbaan Israa'eliille dhugumaan biyya ifiitii booji'antee \q2 hin ideenti› jedha» jedhe. \c 8 \s1 Saaxaraa Midhaan Bilchaate Keessa Jiru \q1 \v 1 Goottaan, Mootiin Waan Maraa, \q2 mudhii dhibii natti mudhisee \q2 kollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka dhagge. \q1 \v 2 Inni, «Ee Amos maan dhaggiisatti jirta?» naan jedhe; \q2 anille deebisee, «Kollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka» jedheen. \q1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, \q2 «Kolbaan tiyya Israa'el dhumatiisa geetteerti; \q2 haganaa achi ani adoo isaan hin adabin irra hin dabaru. \q1 \v 3 Faaruun Galma Waaqaa keessaa \q2 gara bowaa hin jijjiiranitti; \q2 reeffi namaa hin bacata; \q2 addee maralle'etti hin gatama. \q2 Cadhi hin jedhan» naan jedhe. \s1 Jinnana Israa'elii \q1 \v 4 Isin rakkataa irra worri sirbitanu, \q2 hiyyeeyyii lafa irraa worri balleessitanu, \q2 tana dhage'a'a! \q1 \v 5 Isin, «Midhaan akka gurgurannuuf, \q2 jilti baatii ji'aa yoom dabarti? \q2 Qamadii dikkoo akka geeffannuuf, \q2 waan itti safarru diqqeessinee \q2 gatii guddo'otti akka gurguranu, \q2 madaallii sobaalle'een \q2 midhaan akka gurgurannu \q2 Sanbati yoom dabara? \q1 \v 6 Silaa worra hiyyeeyyii meeti'iin, \q2 worra rakkataa kophee miilaatiin \q2 hin bitannaayyu. \q1 Qamadii huura qaddulle \q2 hin gurgurannaayyu» jettan. \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa \q2 ulfinna ifii ka Yaaqoobiin jajatuun kakatee, \q2 «Ani hujii isaan hujane mara hin dedhu» jedheera. \q1 \v 8 Waan kanaan latti tachootee, \q2 worri isii keessa le'u marti hin bowanuu ree? \q1 Latti duudiin akka Laga Nayilii ol kaatee, \q2 akka bisaan laga Gibxi'ii \q2 ol faca'ee gad deebi'u hin teetuu ree? \q1 \v 9 Goottaan Mootiin Waan Maraa, \q2 «Guyyaa san aduun saatii jaatti \q2 akka seentu hin godha; \q2 ifa guyya'aa keessa \q2 latti akka dukkanoottu hin godha. \q1 \v 10 Jila teessan ta wogga'aa gara gaddaatitti, \q2 faaruun teessan gara bowaatitti hin jijjiira. \q1 Ani akka isin woyaa gaddaa uffattanu, \q2 mataa keessanille akka haadattanu hin godha. \q1 Akka bowa worra ilmi tokkochi qabanu irraa du'ee, \q2 dhuma guyyaa sanii ka hadhowe hin godha» jedheera. \q1 \v 11 Goottaan Mootiin Waan Maraa, \q2 «Kunoo barri ani lafa tana irratti beela fidu hin dhufa; \q2 beelti sun ta namooti jecha Mootii Waan Maraa \q2 dhage'iisa dhabanee beelotanu malee, \q2 beela sagale'ee yookiin dheebuu bisaaniitii moti. \q1 \v 12 Namooti jecha Mootii Waan Maraa barbaadatiisaaf, \q2 abbaayaa takka irraa gara abbaayaa taanii, \q2 kaaba irraa gara kibbaa hin joonjan; \q2 isaan ammoo isa hin dhagganu. \b \q1 \v 13 «Bara san durri shashaggoole'ee fi \q2 dhiirti dargaggooti jajjab dheebotanee hin gaggaban. \q1 \v 14 Worri waaqa dharaa ka Samaariyaa keessaatiin kakatu, \q2 yookiin ka, ‹Ee, Daan\f + \fr 8:14 \fr*\fqa Daan: \fqa*\ft Addee kolbaan Israa'elii waaqa dharaa ka jabbii worqii irraa hujante itti waaqonfattu.\ft*\f*, dhugaa waaqa jiraata keetii› jedhu \q2 yookiin ka, ‹Dhugaa waaqa Bersheeba'aa› jedhu, \q2 isaan hin jigan; deebi'aneelle hin ka'anu» jedha. \c 9 \s1 Badii Israa'elii \q1 \v 1 Ani Goottaan addee ciinca'aa bira dhaabbateeruun dhagge; \q2 innille, «Hundeen akka raafamu \q2 guutuu utuboota Galma Waaqaa dhowiitii \q2 mataa namootaa irratti caccassi. \q1 Worra kana irraa hafane ani shallaaga'aan hin ijjeesa; \q2 isaan keessaa eennulle dande'ee hin dheetu; \q2 ka jalaa miliqu hin jiru. \q1 \v 2 Isaan qotatanee gara qilee addee worri du'e jiruulle \q2 yoo gad bu'ane, \q2 harki kiyya achi keessaa isaan hin baasa; \q2 gara ol-gubba'aa yoo bayanelle, \q2 ani achille'ee gad isaan hin buusa. \q1 \v 3 Gaara Qarmelosii gubba'atti yoo dhokatanelle, \q2 ani achi irra isaan barbaadee \q2 qabee gad isaan hin buusa. \q2 Abbaayaa jalatti yoo na dhokatanelle, \q2 achitti dhudhuufaan akka isaan iddu hin ajaja. \q1 \v 4 Booji'amanee diinota ifiitiin yoo deemanelle, \q2 achitti isaan qaliisaaf shallaagaa hin ajaja; \q2 dansa'aaf adoo hin te'in, \q2 ila hantu'uun isaan hin ilaala» jedha. \b \q1 \v 5 Goottaan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, \q2 lafa hin tuqa; \q2 isiin hin baxxi; \q2 worri isii irra le'u marti hin bowa; \q2 latti marti akka Laga Nayilii ol hin kaati; \q2 achiin duuba akka bisaan laga Gibxi'ii gad deebiti. \q1 \v 6 Ka mana ifii ol-gubba'atti ijaare, \q2 hundee mana sanii lafa irratti ka hundeesse, \q2 ka bisaan abbaaya'aa waamee, \q2 lafatti lolaasu \q2 maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti. \p \v 7 Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, \q2 isin naaf akkuma kolbaa Itoophiya'aatii\f + \fr 9:7 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* motii ree? \q2 Ani akkuma Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase, \q2 worra Filisxeemotaa biyya Kaftorii keessaa, \q2 worra Sooriya'aalle biyya Qiirii keessaa ka baasee motii ree?. \q1 \v 8 Dhugumaan ani Goottaan Mootiin Waan Maraa \q2 ilti tiyya gara mootummaa Israa'elii cubbaaletti'ii hin ilaalti; \q2 lafa irraa isii hin balleessa; \q2 te'uu malee baraaree sanyii Yaaqoobii hin balleessu» jedha. \q1 \v 9 «Kunoo, ani ajaja hin baasa; \q2 akka midhaan meemme'een meemmessanuu, \q2 kolbaa Israa'elii \q2 gosa biyya adda addaa oddu'utti hin meemmessa; \q2 te'uu malee midhaan tokkolle \q2 meemmee keessa dabaree lafa hin bu'u. \q1 \v 10 Kolbaa tiyya keessaa worri cubbaaleyyiin, \q2 ‹Wonni hantuun nu hin dhaqqaddu yookiin nu hin geettu› jedhu marti shallaaga'aan hin du'an. \s1 Kolbaan Israa'elii Adde'etti Hin Deebiti \b \q1 \v 11 «Mootummaan Daawitii \q2 akka dunkaanii jiddee ti. \q1 Ani ammoo bara san deebisee isii ol hin kaasa; \q2 addee isiin ciccitte hin erba; \q2 waan bututtelle adde'etti deebisee ijaaree, \q2 akkuma isiin dur jirtu hin godha. \q1 \v 12 Achiin duuba Israa'el \q2 worra biyya Edoomiititti baraaree hafanee fi \q2 gosa biyya adda addaa \q2 ka maqaa kiyyaan waamamanu \q2 mara hin qabatti» jedha Mootiin Waan Maraa \q2 ka waan kana akka isiin teetu godhu. \b \q1 \v 13 Mootiin Waan Maraa, \q2 «Barri ka haamu haamee adoo hin fixin, \q2 ka qotu dhufu, \q2 nami woynii dhaabu dhaabee adoo hin fixin, \q2 ka woynii cunfu dhufu hin dhufa. \q1 Gaarota irraa daadhiin woyni'ii o'ituun hin coccoxxi; \q2 koobota mara irralle'ee hin lolaati. \q1 \v 14 Ani kolbaa tiyya ta booji'ante Israa'el \q2 gara lafa isaaniititti hin deebisa; \q2 isaan qachaa ifii ka diigame \q2 deebisanee ijaaratanee keessa hin le'an. \q1 Muka woyni'ii dhaabbatanee, \q2 daadhii woyni'ii irraa hin unan; \q2 oorruu adda addaa dhaabbatanee \q2 midhaan irraa hin nyaatan. \q1 \v 15 Ani kolbaa tiyya Israa'el \q2 lafa isaaniititti deebisee isaan hin dhaaba; \q2 lafa ani isaanii kenne irraa \q2 deebi'anee ijjumaa hin buqqa'anu» jedha \q2 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan.