\id ACT - Guji Bible \ide UTF-8 \h Hujii Ergantootaa \toc1 Hujii Ergantootaa \toc2 Hujii Ergantootaa \toc3 HuE. \mt1 Hujii Ergantootaa \imt Seensa \ip Kitaab Hujii Ergantootaa Wongeela Luqaasiititti ka aaneeru; yaad guddaan kitaaba kanaa, hordofattooti Yesuusii ta qaraa Ayyaana Woyyichaan sooreffamanee Oduu Gammadaa ta waan isaa dubbatu «Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'atti, haga muummee lafaalle» (1:8) attam akka badhisane ka himu. Kitaab kun dhugeeffannaan Kiristaanaa odduu worra Yihudootaatitti jalqabantee, kolbaan biyya lafaa ta dhugeeffatte haga teetutti attam akka badhatte dabarsii hintu. Barreessaan kitaaba kanaa, Kiristaanoti mootummaa mootii mootota Rooma'aatiin bultu qoxxisiisaaf keessa keessa roorrisaa akka hin jirree fi dhugeeffannaan kiristaanaa, dhugeeffannaa worra Yihudootaa ta mijeessitu akka teete hubachiisiisaaf wodhaansa jabaa tolcheera. \ip Kitaab hujii Ergantootaa, ka marroo Oduu Gammadaa dubbatu, addee isiin dhaqqaddu yennuma yenna'aan badhataa akka deentee fi hundeeffamiisa wolde'a kiristaanaa ta mudhittu kutaa gugurdoo saditti qoodamuu dande'a: \ip 1. Yesuus gara ol gubba'aa bayeen duuba, Yerusaalem keessatti marroo jalqabama dhugeeffannaa kiristaanaa. \ip 2. Marroo dhugeeffannaan lafa Israa'elii duudii dhaqqabiisaa. \ip 3. Biyyoota adaala abbaayaa Mediteraaniya'aa jirtu keessatti, biyya Rooma'aalle dabalatee, marroo babadhatiisa dhugeeffannaa kiristaanaa. \ip Hujii Ergantootaa keessatti wonni ifa te'ee mudhatu, hujii Ayyaana Woyyichaa yoo teetu, guyyaa Pheenxeqosxe'ee, kiristaana Yerusaalem keessa jiru irratti Ayyaanni Woyyichi hunnaan akka bu'e, akkasuma kitaabuma kana keessatti hujii tokko lama'aan barreeffanteen akkuma mudhate, Ayyaanni Woyyichi wolde'a kiristaanaatii fi sooreyyii wolde'a kiristaanaalle akka sooressee jajjabeesse hin dabalata. Ergaan kiristaanaa ta durii, lallaba adda addaa keessatti gabaabumatti dhikaatteerti. Hujiin kitaaba hujii ergantootaa keessatti galmeeffantelle, ergaan tun jiruu dhugeeffattootaatii fi tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessatti hunna qaddu mudhitti. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Dhugaa bayiisaaf qophowiisa\ior 1:1-26\ior* \io2 Waada'aa fi ajaja Yesuusii ka muummee irraa\ior 1:1-14\ior* \io2 Ka addee Yihuda'aa bu'e\ior 1:15-26\ior* \io1 Dhugaa baya Yerusaalem keessaa\ior 2:1—8:3\ior* \io1 Dhugaa baya Yihuda'aa fi Samaariyaa keessaa\ior 8:4—12:25\ior* \io1 Tajaajila ergamummaa Phawuloosii\ior 13:1—28:31\ior* \io2 Deemiisa ergamumma'aa ka qaraa\ior 13:1—14:28\ior* \io2 Yaa'ii Yerusaalem keessaa\ior 15:1-35\ior* \io2 Deemiisa ergamumma'aa ka lammeesso'oo\ior 15:36—18:22\ior* \io2 Deemiisa ergamumma'aa ka sadeesso'oo\ior 18:23—21:26\ior* \io2 Hidhama Phawuloos Yerusaalem, Qiisaariya'aa fi Roomaa keessatti hidhame\ior 21:17—28:31\ior* \c 1 \p \v 1 Ulfaataa Tewoofiloos! \p Kitaaba kiyya ka kanaan duraa keessatti marroo waan Yesuus hujeetii fi barsiise duudii barreesseera. Wonni ani barreesselle gaafa Yesuus hujii ifii jalqabeen kaasee,\x - \xo 1:1 \xo*\xt Luq. 1:1-4\xt*\x* \v 2 haga guyyaa gara ol gubba'aa bayeetitti waan huje; inni ergantoota filateef, ajaja ifii karaa Ayyaana Woyyichaatiin kenneen duuba gara ol gubba'aa baye. \v 3 Yesuus du'a ifiitiin duuba akka jiraataa te'e, deddeebi'ee karaa hin mansiinneen mirkaneessaa haga guyyaa afurtamaa isaanitti mudhatee, marroo Mootummaa Waaqaalle isaanitti dubbate. \v 4 Inni isaan woliin adoo jiruu, «Addii Abbaan kiyya isiniif kenne, ta ani isinitti hime san eegadha'a malee, Yerusaalemii hin bayina'a» jedhee isaan ajajaje.\x - \xo 1:4 \xo*\xt Luq. 24:29\xt*\x* \v 5 Ede'eelle Yesuus, «Yohaannis bisaaniin isin cuuphe; guyyaa diqqa'aan duuba ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan» jedhe.\x - \xo 1:5 \xo*\xt Mat. 3:11; Mar. 1:8; Luq. 3:16; Yoh. 1:33\xt*\x* \s1 Yesuus Gara Ol-gubba'aa Fudhatame \p \v 6 Yennaa wolitti qabamane ergantooti Yesuusiin, «Gootta'a, ati ammaa tana Israa'eliif Mootummaa deebittee kennaartaa?» jettee gaafatte. \p \v 7 Yesuus isaaniin, «Yenna'aa fi bara Abbaan kiyya baallii ifiitiin murteesse beekuu hin dandeettanu; \v 8 ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu'u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'aa fi biyya lafaa duudi'itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan» jedhe.\x - \xo 1:8 \xo*\xt Mat. 28:19; Mar. 16:15; Luq. 24:47-48\xt*\x* \v 9 Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubba'aa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle.\x - \xo 1:9 \xo*\xt Mar. 16:19; Luq. 24:50-51\xt*\x* \p \v 10 Isa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee, \v 11 «Isin namoota Galiila'aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba'aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubba'aa fudhatame kun, gara ol-gubba'aa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi'ee hin dhufa» jedhane. \s1 Nama Addee Yihuda'aa Filame \p \v 12 Achiin duuba ergantooti gaara Ejersaa jedhamu irraa gara Yerusaalemii deebi'ane; gaarri Ejersaa Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira tokko\f + \fr 1:12\fr*\fqa Kiiloo meetira tokko: \fqa*\ft Deensa guyyaa Sanbataa\ft*\f* fagaata. \v 13 Isaan qachaa guddicha seenanee, gara kolloo mana mana gubba'aa ol bayane. Isaanille Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiryaas, Filiphoos, Toomaas, Bartolomewoos, Maatewoos, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoonii hinaattichaa fi Yihudaa ilma Yaaqoobii fa'a.\x - \xo 1:13 \xo*\xt Mat. 10:2-4; Mar. 3:16-19; Luq. 6:14-16\xt*\x* \v 14 Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii haadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu. \p \v 15 Guyyaa diqqa'aan duuba, Pheexroos woli geyii dhugeeffattoota gara dhibbaa fi diddamaa geettu tokko keessa dhaabbatee, \v 16 «Obboleeyyan tiyya, Barreeffama woyyicha keessatti, marroo Yihudaa worra Yesuus qabeef sooressaa te'ee, dubbiin Ayyaanni Woyyichi afaan Daawitiitiin dubbateeru muummowuu qaddiiyyu. \v 17 Yihudaan qooda hujii teennaa nu woliin akka qabaatu waan filameeruuf, golii teenna te'eeraayyu. \v 18 Namichi kun beesee hujii hammeenna ifiitiin dhaggate saniin, fichaa bitate; inni mata'aan lafa dhowee nafi isaa dho'ee, meen gadha'aa jige.\x - \xo 1:18 \xo*\xt Mat. 27:3-8\xt*\x* \v 19 Worri Yerusaalem keessa le'anu duudiin waan kana dhage'ane; maarre isaan lafa san afaan ifiitiin ‹Akeldaamaa› jedhane; akkas jechuulle ‹Lafa dhiigaa› jechu'u. \p \v 20 «Kitaaba Faaru'uu keessatti, \q1 « ‹Manni isaa ona te'uu ti; \q2 eennulle keessa hin le'in›, akkasuma, \q2 ‹Nami dhibiille sooressummaa isaa fudhatuu ti› \m jedhantee barreeffanteerti. \m \v 21 Tanaaf yennaa Goottaan Yesuus odduu teennatti deddeebi'e duudi'itti nama nu woliin jiru keessaa, \v 22 akkasuma cuuphaa Yohaannisiitiin jalqabee, haga guyyaa Yesuus nu biraa ol fudhatameetitti, worra nu woliin jiru kana keessaa tokkochi, du'aa ka'a Yesuusiitiif, nu woliin nama dhugaa bawu te'uu barbaachisa» jedhe. \p \v 23 Maarre isaan nama lamaan Yoseef ka barsaabaas yookiin Yosxos jedhamee waamamuu fi Maatiyaas dhikeessane. \v 24-25 Achiin duuba isaan, «Gootta'a, ati yaada nama duudi'ii beetta; nama lamaan kana keessaa, addee Yihudaan lakkisee gara addee ifii deemetti, ergamaa te'ee akka tajaajiluuf ka filatte nu'utti mudhisi» jedhaa daadimatane. \v 26 Achiin duuba isaan namoota lamaan keessaa tokko filiisaaf hixaa yennaa buusane, hixaan Maatiyaas dhaqqabe. Maarre inni ergantoota kudhanii tokkotti dabalame. \c 2 \s1 Bu'iisa Ayyaana Woyyicha \p \v 1 Jilti guyyaa shantameesso'oo ta «Phenxeqosxee» jedhantu yennaa geette, dhugeeffattooti duudiin addee tokkotti wolitti qabamaneeraniiyyu. \v 2 Dedhuma huuruun akka bubbee guddo'oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte. \v 3 Achiin duuba wonni bobe'a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba'atti bu'e. \v 4 Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeessisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane. \p \v 5 Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu. \v 6 Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon wolitti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane. \v 7 Isaan baaseffataa maadeffataa, «Kunoo worri akkana dubbataaranu duudiin worra Galiilla'aatii motii? \v 8 Attamiin ree isaan afaan keenna ka dhalootaatiin dubbatanuun, tokko tokkoon keenna dhageenna? \v 9 Nuuti worra biyya Phaarte'ee, Meediya'aa, Elaamii, Mesophotaamiya'aa, Yihuda'aa, Qaphadooqiya'aa, Phanxoosii, Asiya'aa, \v 10 Firiigiya'aa, Phinfiliya'aa, Gibxiitii fi lafa Liibiya'aa ta adaala qachaa Qereena'aa jirtu keessa leenu; gariin keenna worra biyya Rooma'aatii dhunne, \v 11 worra Yihudi'iitii fi worra Yihudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna» jedhane. \v 12 Isaan baaseffatanee, waan jedhanu dhabanee, «Wonni kun maan jechu'u?» jedhaa wol gagaafatane. \p \v 13 Worri dhibiin ammoo, «Kolbaan tun daadhii woyni'ii untee machootteerti!» jedhaa itti murge. \s1 Dubbii Pheexroos Dubbate \p \v 14 Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi'iin, «Worri Yihuda'aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te'e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage'a'a. \v 15 Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu. \v 16 Tun ammoo afaan raagicha Yo'eliitiin, \q1 \v 17 «‹Guyyaa muumme'ee ani akkana tolcha jedha Waaqi: \q2 nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa. \q1 Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan; \q2 dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti, \q2 Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan. \q1 \v 18 Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane\f + \fr 2:18\fr*\fqa Garboota dhugeeffatane: \fqa*\ft Tajaajiltoota tiyya\ft*\f* \q2 ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii irrattuu, \q2 Ayyaana kiyya hin buusa; \q2 isaanille raaga hin dubbatan. \q1 \v 19 Ani ol-gubba'atti baasa, \q2 gad lafa irralle'etti bilbaasa hin mudhisa; \q2 Dhiigaa fi ibiddi, hurrantaan aaraalle hin mudhata. \q1 \v 20 Guyyaan Gootta'aa guddichii fi \q2 ulfaataan adoo hin dhufin dura, \q2 aduun hin dukkanti; \q2 jiinille diimaa akka dhiigaa te'a. \q1 \v 21 Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hin fayya› jedhe. \p \v 22 «Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii gugurdoo baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanootteerti. \v 23 Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi'iitiin fannifamee du'u gootane.\x - \xo 2:23 \xo*\xt Mat. 27:35; Mar. 15:24; Luq. 23:33; Yoh. 19:18\xt*\x* \v 24 Waaqi ammoo hunna du'aa jalaa bilisa baasee, du'aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne.\x - \xo 2:24 \xo*\xt Mat. 28:5-6; Mar. 16:6; Luq. 24:5\xt*\x* \v 25 Daawiti marroo isaatiif, \q1 «‹Ani yennaa mara Waaqa ifiin duratti dhagga; \q2 Inni midda kiyya waan jiruuf ani hin daaqu. \q1 \v 26 Tanaaf gadhaan kiyyalle gammadeera; \q2 arrabi kiyyalle gammadaan guutameera. \q1 Akkasuma nafi kiyya du'aan \q2 addi'iin jiraata. \q1 \v 27 Lubbuu tiyya addee worra du'aneetitti hin lakkittu; \q2 ati garbicha addatamaa keeti, \q2 addee awwaalaa keessatti akka tortoree hafu hin lakkittu. \q1 \v 28 Ati karaa jiru'uu natti mudhitteerta; \q2 Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta› jedha. \p \v 29 «Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira. \v 30 Daawiti raagicha waan te'eef, Waaqi sanyii isaa keessaa tokko hin moosisa jedhee kaku'uun waadaa akka galeeruuf beekeera. \v 31 Tanaaf Daawiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif, ‹Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre› jedhee raageera. \v 32 Waaqi Yesuusii kana du'aa kaaseera; nuuti duudiille waan te'eeru kanaaf dhugaa baatota. \v 33 Inni gara midda Waaqaa Abba'aatitti ol fudhatamee, Ayyaana Woyyicha isaaf waadaa galame, Abbaa biraa fuudhee erge; ka isin amma dhaggitanuu fi dhageettanu kun isa. \v 34-35 Daawiti gara ol-gubba'aa hin baane; teetuu malee inninuu, \q1 «‹Goottaan Goottaa kiyyaan, \q2 haga ani diinota keeti ijjata miila keeti jala godhutti, \q2 asi maddii midda kiyyaatitti tee'i› jedhee dubbateera. \p \v 36 «Tanaaf Yesuusii isin fannittane, Waaqi Gootta'aa fi Masiihii akka godhe kolbaan Israa'elii duudiin dhugumaan beettuu ti!» jedhe. \p \v 37 Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, «Jarana maan goona?» jette. \v 38 Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan. \v 39 Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille'eef» jedhee deebise. \p \v 40 Pheexroos jecha hedduu dhibi'iin dhugaa isaanitti bayee, «Dhaloota badaa kanatti waan dhufu'uu jiru jalaa ifi baasa'a» jedhe gorse. \v 41 Worri hedduun waan inni jedhu dhugeeffatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane. \v 42 Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane. \s1 Jireenna Dhugeeffattootaa \p \v 43 Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujamiisatti jiruuf, martinuu soda'aan guutamane. \v 44 Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane.\x - \xo 2:44 \xo*\xt HuE. 4:32-35\xt*\x* \v 45 Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane. \v 46 Guyyaa guyya'aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle'etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu'uun areerrataa, \v 47 Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaayyu. Goottaalle guyyuma guyya'aan worra fayyanu isaanitti dabale. \c 3 \s1 Namichi Naafi Tokko Fayye \p \v 1 Gaafa tokko Pheexroosii fi Yohaannis yennaa daadimataa saafowa saatii sagalitti, gara Galma Waaqaa deemane. \v 2 Achi «Karra miidhadduu» jedhantu dura, namichi haga dhalatee jalqabee naafa te'e tokko jiraayyu; inni worra Galma keessa seenanu irraa akka beesee kadhatuuf guyyaa mara ba'atanee balbala dura isa keyan. \v 3 Inni Pheexroosii fi Yohaannis gara keessaa seenaaranuun yennaa dhagge, akka woy isaa kennanuuf kadhate. \v 4 Pheexroosii fi Yohaannis isa hubatanee ilaalanee, Pheexroos «Ol jedhii nu ilaal» jedheen. \v 5 Maarre inni isaan irraa waan wo dhaggatu seyee, hubatee isaan ilaale. \v 6 Pheexroos ammoo, «Ani beesee\f + \fr 3:6\fr*\fqa Beesee: \fqa*\ft Meeti'ii fi worqii\ft*\f* hin qabu; waan qabu ammoo si'iif hin kenna; maqaa Yesuus Kiristoosii Naaziretiitiin ka'ii ideemi» jedhe. \v 7 Achiin duuba inni harka middicha isaa qabee ol kaase; yoosuma miilaa fi gulubiin\f + \fr 3:7\fr*\fqa Gulubiin: \fqa*\ft Komettuun\ft*\f* isaa jabaatte. \v 8 Inni ol utaalee miilaa ifiitiin dhaabbatee, ideemiisa jalqabe; Galma Waaqaa keessa isaan woliin seenee, asii fi achi deemaa u'utaalaa Waaqa leellifate. \v 9 Nami duudiin inni ideemaa Waaqa leellifatuun dhaggane. \v 10 Isaan inni kadhaticha karra «Miidhadduu» jedhantu dura tee'ee kadhatu kaan akka te'e yennaa beekane, waan namicha irratti te'e kanatti maalalanee baaseffatane. \s1 Waan Pheexroos Galma Waaqaa Keessatti Dubbate \p \v 11 Yennaa namichi fayye sun Pheexroosii fi Yohaannis biraa hafuu dide, gumiin duudiin jajjee gara addee «Soroo\f + \fr 3:11\fr*\fqa Soroo: \fqa*\ft Barandaa manaa, gimoo, sissaabii, gaaddisa jala deddeebi'anu\ft*\f* Solomoonii» jedhantuu rukkitte. \v 12 Pheexroos gumii wolitti qabante san dhaggee, «Worra Israa'elii maaf waan kana baaseffattan? Maaf nu hubattanee ilaaltan? Nuuti hunna teennaan yookiin hujii teenna dansa'aan nami kun akka ideemu waan goone seetanii?» isaaniin jedhe. \v 13 Waaqi abbootii teennaa, ka Abrahaamii, ka Yisihaqiitii fi ka Yaaqoobii, ilma ifii Yesuus ulfeesseera. Isin ammoo harka Philaaxoosiititti dabarsitanee kennitane; Philaaxoos isa lakkisiisaaf barbaadulle, isin isa diddane. \v 14 Isin ammoo Yesuusii Woyyichaa fi balchichaa diddanee, ka nama ijjeese akka hiikamuuf gaafattane. \v 15 Isin ka jiruu kennu ijjeettane; Waaqi ammoo du'aa isa kaase. Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota. \v 16 Namicha naafa te'e kanaaf hunna jabeennaa ka kenne hunna maqaa Yesuusii ti. Wonni isin dhaggitanuu fi beettanu maqaa Yesuusiititti dhugeeffatiisaan teete; akkuma isin duudiin dhaggitanu wonni isa fayyise, dhugeeffannaa inni Yesuusitti qabu. \p \v 17 «Ammalle obboleeyyan tiyya, waan Yesuus irratti gootane, isinille akkuma bulchitoota teessanii wollaalchaan akka gootane hin beeka. \v 18 Waaqi bara heddu'uun dura Masiihiin akka rakkattu afaan raagota maraatiin ka dubbate, karaa kanaan akka muummottu godheera. \v 19 Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi'aatii, gara Waaqaa dacha'a'a. \v 20 Waaqa irralle'ee barri isin itti haareffantanu hin dhufa; Waaqi masiihii dursee isiniif file Yesuus isiniif hin erga. \v 21 Inni haga yennaan waan duuchi'ii hareffamiisaa geettutti, akkuma Waaqi karaa raagota woyyootaatiin woggaa heddu'uun dura lallabe ol-gubba'atti turuu qaba. \v 22 Muuseen, ‹Goottaan Waaqi keessan akkuma amma na kaase, kolbaa teessan keessaa raagaa tokko isiniif hin kaasa; waan inni isinitti himu mara dhage'a'a. \v 23 Nami raagicha san dhage'uu didu duudiin, kolbaa Waaqaa irraa adda bayee hin bada› jedheera. \v 24 Raagoti Saamu'eliin jalqabanee ka'anee fi dubbatane duudiinuu, waan bara kanaa dubbataneeran. \v 25 Isin sanyii raagotaati; akkasuma gondooroo Waaqi abbaa keessan Abrahaamiin, ‹Ani karaa sanyii teetiitiin kolbaa lafaa duudii hin eebbisa› jedhee gondoore worra dhaalu. \v 26 Tanaaf Waaqi karaa hamaa keessan irraa deebisee isin eebbisu'uuf, tajaajilaa ifii Yesuus filee dursee isiniif erge» jedhe. \c 4 \s1 Pheexroos Fi Yohaannis Kora Mura'aa Dura Dhikaatane \p \v 1 Pheexroosii fi Yohaannis adoo kolba'atti dubbatiisatti jiranuu hayyooti, dura buutoti eeddota Galma Waaqaatii fi Saduqooti itti dhufane. \v 2 Ergantooti lamaan akka Yesuus du'aa ka'ee fi worri du'elle akka du'aa ka'u waan kolbaa barsiisaneef, jarri tun isaanitti aarte. \v 3 Maarre isaan Pheexroosii fi Yohaannis qabanee, latti waan dhiiteertuuf haga bariitu mana hidha'aa galchane. \v 4 Ammoo worra jecha isaanii dhage'e keessaa worri hedduun dhugeeffate; laakkossi worra dhugeeffatee gara kuma shanii guddate. \p \v 5 Boruyyaa sooressitooti Yihudootaa, jaarsole'ee fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalem keessatti wolitti qabamane. \v 6 Worra wolitti qabame san keessa hayyichi guddaan Haannaas, Qayyaaffaan, Yohaannis, Iskindrosii fi maatiin Hayyicha gudda'aalle achi jiran. \v 7 Isaan Pheexroosii fi Yohaannis ifiin dura dhaabbachiisanee, «Hunna maaniitiin yookiin maqaa eennuutiin Kana gootane?» jedhanee gaafatane. \v 8 Pheexroos Ayyaana Woyyichaan guutamee, «Isin bulchitooti kolba'aatii fi jaarsoleen, \v 9 marroo waan dansaa namicha naafa kanaaf godhamee nu gaafattanii? Ka isa fayyiselle eennu akka te'e nu gaafattanii? \v 10 Namichi amma fayyee isin dura dhaabbatu kun, maqaa Yesuus Kiristoosii nama Naaziretiitiin akka fayye, marti keessanii fi kolbaan Israa'elii martinuu beeka'a! Isin Yesuus fannittanee ijjeettane; Waaqi ammoo du'a keessaa isa kaase. \v 11 Inni dhakaa isin worri mana ijaaru tuffattane, ka ammoo dhakaa dhakaa mara caalu ite'e. \m \v 12 Fayyinni karaa Yesuus Kiristoosii qofaan malee, karaa dhibi'iin hin jiru; akka nuuti ittiin fayyinuuf, maqaan Waaqi namootaaf kenne, isa qofa malee, biyya lafaa duudii irra ka dhibiin hin jiru» jedhe. \p \v 13 Pheexroosii fi Yohaannis sodaa malee akka dubbatane miseensoti koraa yennaa dhaggane, akka isaan barumsa guddaa hin qanne waan beekanuuf, worri kora mura'aa baaseffatane. Teetu malee akka isaan Yesuus woliin turaneeranu isaaniif gale. \v 14 Ammoo namichi fayye sun, Pheexroosii fi Yohaannis woliin dhaabbateeruun waan dhagganeef waan jedhanu dhabane. \v 15 Maarre isaan akka Pheexroosii fi Yohaannis mana mura'aa keessaa gad bayanu ajajanee, achiin duuba woliin mari'atiisa jalqabanee, \v 16 «Jara tana maan goona? Bilbaasi kun karaa isaaniitiin akka hujame namooti Yerusaalem keessa jiranu duudiin hin beekan, bilbaasi kun hin teene jennee hin dandeennu. \v 17 Ammoo wonni kun akka hin babadhanne, maqaa Yesuusiitiin ijjumaa deebi'anee nama tokkolle'etti akka hin dubbanne, kowa'a isaan seerraa» jedhane. \p \v 18 Achiin duuba isaan Pheexroosii fi Yohaannis ammalle gara keessaa deebisanee waamanee maqaa Yesuusiitiin ijjumaa akka hin dubbanne yookiin hin barsiinne itti himane. \v 19 Pheexroosii fi Yohaannis ammoo deebisanee, «Waaqaaf ajajamiisa irra isiniif ajajamiis Waaqa duratti sirri'ii? Me isinuu mura'a. \v 20 Nuuti waan ifii dhagginee fi dhageenne himiisa hin lakkinnu» jedhane. \v 21 Maarre Korri mura'aa jabeessee isaanitti seeree akkanumaan isaan gad lakkise; kolbaan duudiin sababa bilbaasa te'eetiif waan Waaqa leellisiisatti jirtuuf, karaa dande'anee isaan adabanu hin dhagganne. \v 22 Namichi bilbaasi kun irratti hujame woggaan isaa afurtama caala. \s1 Dhugeeffattooti Akka Hin Sodaanne Daadimatte \p \v 23 Pheexroosii fi Yohaannis akkuma gad lakkifamaneen, gara jara ifii deebi'anee waan sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isaaniin jedhane itti himane. \v 24 Isaan tana yennaa dhage'ane, qoonqoo ifii addee tokkotti ol qabatanee daadimataan gara Waaqaa, «Gootta'a, ol-gubbaa, lafa, Abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii ka dade si'i. \v 25 Ayyaana Woyyichaan, afaan garbicha keeti Abbaa abbootii teennaa Daawitiitiin, \q1 «‹Worri Yihudoota hin te'in maaf aarane? \q2 Kolbaan mala bu'aa hin qanne maaf dhootte? \q1 \v 26 Moototi lafaa ifi qopheeffatanee, \q2 bulchitootille wolitti qabamanee, \q2 Gootta'aa fi Masiihii isaa irratti ka'ane› ka jette si'i. \p \v 27 «Dhugumaan qachaa kana keessatti Heroodisii fi Phonxoos Philaaxoos, worra Yihudoota hin te'inii fi kolbaa Israa'elii woliin, tajaajilaa keeti Woyyicha, ka ati Masiihii goote Yesuusitti ka'ane.\x - \xo 4:27 \xo*\xt Mat. 27:1-2; Mar. 15:1; Luq. 23:1; 7:11; Yoh. 18:28-29\xt*\x* \v 28 Isaan waan ati hunna teetii fi fedhii teetiin akka teetuuf murteertu muummessane. \v 29 Ammalle Gootta'a, sodaachisaa\f + \fr 4:29\fr*\fqa Sodaachisaa: \fqa*\ft Roorroo\ft*\f* isaanii tana ilaali, nuuti tajaajiltooti teeti sodaa malee akka dubbannu nu godhi. \v 30 Karaa maqaa tajaajilaa keeti woyyicha Yesuusiitiin dhibee irraa akka fayyanu, baasaa fi bilbaasi akka godhamu harka keeti diriirsi» jedhane. \p \v 31 Isaan daadimataneen duuba, addeen isaan itti wolitti qabamane tachoote. Isaan duudiin Ayyaana Woyyichaan guutamanee sodaa malee jecha Waaqaa lallabane. \p \v 32 Dhugeeffattooti martinuu yaadaa fi gadhaa tokkoon jiraniiyyu. Isaan keessaa nami tokkolle, «Kun kiyya» waan jedhu hin qabuuyyu; isaan waan qabanu mara wolumaan qabaniiyyu. \v 33 Ergantooti hunna guddo'oon du'aa ka'iisa Goottaa Yesuusii dhugaa bayane. Waaqille isaan mara irratti eebba guddaa jisseeraayyu. \v 34 Isaan keessa rakkataan tokkolle hin jiru. Worri lafa yookiin mana qabanu martinuu gurguranee beesee fidanee, \v 35 ergantootatti kennaniiyyu; ergantootille akka barbaachisaa te'etti beesee tokko tokkoofuu qoqoodaniiyyu. \v 36 Lewwichi tokko, ka Yoseef jedhamu, Qophiroositti ka dhalate, ka ergantooti «Baarnaabaas» jettee waantu tokko jiraayyu; akkas jechuun «Ka nama jajjabeessu» jechu'u; \v 37 inni lafa qabu gurguree, beesee fidee ergantootatti kenne. \c 5 \s1 Anaaniyaasii Fi Saafiiraa \p \v 1 Namichi Anaaniyaa jedhamu tokko jiraayyu; inni haadha manaa ifii Safiiraa woliin lafa qabanu takka gurgurate. \v 2 Ammoo haadha manaa ta ifii woliin wolii galiisaan beesee irraa hamburatee, taan fidee ergantootatti kenne. \v 3 Pheexroos isaan, «Anaaniiyaas! Akka ati Ayyaana Woyyicha sodduu fi beesee lafa itti gurguratte akka hambifattu, seexanni yaada keeti akka toowatu maaf itti lakkitte? \v 4 Adoo ati hin gurgurin dura, latti teetumaa motii? Eega gurgurteen duuballe beeseen teetumaa motii? Maaf waan akkasii tolchiisaaf yaadatte ree? Ati Waaqa sodde malee, namaa moti» jedheen. \v 5 Anaaniiyaas akkuma jecha kana dhage'een, jigee du'e; worri marroo waan kanaa dhage'ane duudiille bararaqane. \v 6 Dargaggooti dhufanee, reeffa isaa maranee, geessanee awwaalane. \p \v 7 Gara saatii sadiitiin duubatti, haati manaa isaa waan te'eeru adoo hin beekin dhutte. \v 8 Pheexroos isi'iin, «Me natti himi, beeseen isin lafa teessan itti gurgurattane haguma kanaayyuu?» jedhee gaafate; \p Isiille deebittee, «Eeti, haguma kana» jetteen. \p \v 9 Maarre Pheexroos isi'iin, «Atii fi Abbaan manaa keeti Ayyaana Gootta'aa haga ilaaliisaaf maaf wolii galtane? Namooti Abbaa manaa keeti awwaalane kunoo ammaa balbala dura jiran, isaan si'ille ba'atanee hin baasan» jedhe. \v 10 Isiin yoosuma miila Pheexroosii jalatti jiddee duute. Dargaggooti yennaa dhufane duuteertuun dhagganee, ba'atanee baasanee abbaa manaa isi'ii biratti awwaalane. \v 11 Wolde'ooti kiristaanaatii fi worri waan kana dhage'ane duudiin bararaqane. \s1 Baasaa Fi Bilbaasa \p \v 12 Baasaa fi bilbaasi hedduun kolbaa oddu'utti ergantootaan hujamane. Dhugeeffattooti duudiin soroo\f + \fr 5:12\fr*\fqa Soroo: \fqa*\ft Galoo\ft*\f* manaa ka Solomoonii jalatti wolitti qabamaniiyyu. \v 13 Worra dhibii keessaa isaanitti makamiisaaf ka itti game tokkolle hin jiru; te'ulle kolbaan isaan ulfeessitiiyyu. \v 14 Ammoo worri Gootta'atti dhugeeffatane gumiin hedduun dhiiraa fi dubartiin isaanitti ede'amane. \v 15 Yennaa Pheexroos karaa san dabaru gaaddiddummaan isaalle isaan keessaa tokko tokko akka tuxxuuf, worra dhibameeru taqe'ee fi itille'een fidanee karaa irra keyane. \v 16 Kolbaan qachoota adaala Yerusaalemii jiranu, worra dhibameeruu fi worra ayyaana hama'aan qabameeru fidane; isaan martinuu fayyane. \s1 Ergantoota Irratti Miidhaan Kaate \p \v 17 Achiin duuba Hayyichi gudda'aa fi worri isa woliin jiru, ka isa gargaaranu saduqoota duudii woliin hinaaffa'aan guutamanee ergantoota irratti ka'ane. \v 18 Isaan ergantoota qabanee mana hidha'aatitti galchane. \v 19 Halkan san ammoo ergamaan Waaqaa balbala mana hidha'aa banee, ergantootaan dura deemaa, gad baasee, isaaniin, \v 20 «Dhaqa'aatii Galma Waaqaa keessa dhaabbadha'aa, marroo jiruu haareya tanaa, kolba'atti hima'a» jedhe. \v 21 Isaan dubbii tana fudhatanee, akkuma latti bariiteen Galma Waaqaa seenanee barsiisuu jalqabane. \p Hayyichi guddaan worra isa gargaaranu woliin dhufee, miseensota kora mura'aatii fi jaarsota Yihudootaa wolitti waamee, ergantoota worra hidhamaneeranu san fichisiisu'uuf gara mana hidha'aa nama erge. \v 22 Worri ergamane ammoo, barattoota mana hidha'aa keessaa dhabanee, gara Kora Mura'aa deebi'anee, \v 23 «Nuuti yennaa mana hidha'aa geenne, balbalti jabeeffantee cufantee, eeddoti balbala dura jiranuun dhaggine; ammoo yennaa balbala banne, namuu keessatti hin dhaggine» jedhane. \v 24 Sooreyyiin hayyootaatii fi dura bu'aan eeddota Galma Waaqaa yennaa waan kana dhage'ane, waan ergantoota irratti te'e baaseffatanee, waan godhanu wollaalane. \v 25 Achiin duuba nami tokko dhufee isaaniin, «Dhage'a'a! Namooti isin mana hidha'aa galchitane Galma Waaqaa keessatti, kolbaa barsiisiisatti jiran!» jedhe. \v 26 Maarre dura bu'aan Galma Waaqaa worra isa woliin huju woliin dhaqee ergantoota fidee dhufe. Isaan kolbaan dhaka'aan nu tunti jedhanee waan sodaataneef, hunnaan hin finne. \p \v 27 Isaan ergantoota fidanee, Kora Mura'aa dura dhaabbachiisanee, hayyichi guddaan isaan qoree, \v 28 «Akka isin maqaa Yesuusiitiin hin barsiinne, jabeessinee isin seerreerraayyu, ammoo waan hujjane ilaala'a! Barsiisa keessan Yerusaalem duudii keessa babadhittaneertan; du'a isaatille'eef worra itti gaafatamu nu godhiisa barbaaddan» jedhe. \p \v 29 Pheexroosii fi ergantooti worri dhibiin deebisanee, «Nuuti namaaf ajajamuu irra, Waaqaaf ajajamuu qanna. \v 30 Waaqi Abbootii teennaa, Yesuusii isin muka irratti fannittanee ijjeettane du'aa kaaseera. \v 31 Akka Yesuus kolbaa Israa'elii cubbuu irraa deebisee araara cubbu'uu kennuuf, Waaqi sooressaa fi fayyisaa godhee midda ifiititti ol isa fuudheera. \v 32 Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota; Ayyaanni Woyyichi, ka Waaqi worra isaaf ajajamuuf kennulle dhugaa baya'a» jedhane. \p \v 33 Korri Mura'aa yennaa waan kana dhage'ane, guddoo aaranee ergantoota ijjeesiisa barbaadane. \v 34 Isaan keessaa ammoo Fariisaayichi, barsiisaa Seera Muuse'ee te'e, maqaan isaa Gamaali'el ka jedhamu, ka nami duudiin guddoo ulfeessu tokko, Kora Mura'aa keessaa ol ka'ee, ergantoota san yennaa diqqoo ala akka tursiisanu ajaje. \v 35 Achiin duuba inni kora Mura'aatiin, «Kolbaa Israa'elii! Waan jara tana gootanu irratti ifi eegadha'a. \v 36 Tanaan dura namichi Toyidaas jedhamu ka'ee, ani nama jaba'a ifiin jedhe; namooti gara dhibba afurii te'anu isa woliin hujane. Ammoo inni ijjeefamee, worri isa woliin huju duudiin bittinnowanee, wonni sun achumatti dhumatte. \v 37 Akkasuma Yihudaan namichi Galiila'aa, bara kolbaan laakkowante ka'ee, namooti hedduun akka isa hordofanu godhe, ammoo innille ijjeefamee jennaan, hordofattooti isaa duudiin bittinnootte. \v 38 Maarre ammalle, jara tana irratti waan hantuu tokkolle akka hin goone ani isinitti hima. Isaan lakkisa'a! Wonni isaan yaadanee hujane nama irraa yoo teete, hin baddi; \v 39 ammoo yoo ta Waaqa irraa dhutte teete, isaan balleessuu hin dandeettanu; isin ifiifuu Waaqaan loltanuun ifi dhaggitan» jedheenii jennaan, isaanille gorsa Gamaali'elii fudhatane. \v 40 Isaan ergantoota ol waamanee deebisanee, dhaananee, lammeessoo maqaa Yesuusiitiin akka hin dubbanne ajajane; achiin duuba gad lakkisane. \v 41 Ergantooti Yesuusiif farriisaa fi salphatiisa akka waan dansa'aatitti laakkowanee, gammadaan Kora Mura'aa biraa gad bayane. \v 42 Isaan guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessaa fi mana kolba'aa keessatti, Oduu Gammadaa ta Yesuusii Masiihiicha te'ee, barsiisiisaa fi lallabiisa hin lakkinne. \c 6 \s1 Namooti Ergantoota Gargaaranu Torba Filamane \p \v 1 Yennaa diqqo'oon duuba laakkossi barattootaa akkuma heddataa deemeen, Yihudooti afaan Giriikii dubbatanu Yihudoota biyya Yihuda'aatitti dhalatane irratti gungumane; haadhotiin hiyyeessaa ta Yihudoota afaan Giriikii dubbatanuu, qarqaarsa guyyaa guyya'atti dhaggataa turane waan dagatamaneef gungumane\f + \fr 6:1\fr*\fqa Gungumane: \fqa*\ft Himatane\ft*\f*. \v 2 Maarre ergantooti kudhanii lama dhugeeffattoota duudii wolitti waamanee, «Nuuti sagalee qoodiisaaf jennee Jecha Waaqaa lallabiisa irraanfatuun nu'uuf hin malle. \v 3 Maarre obboleeyyan, namoota hujii tana itti kenninu, worra maqaa dansaa qabu, ka Ayyaanni Woyyichii fi qarummaan keessa guutte, odduu teessanii namoota torba fila'a. \v 4 Nuuti ammoo daadimataa fi hujii Jecha Waaqaa lallabiisaatiif yennaa teenna mara kennina» jedhane. \p \v 5 Nami duudiin yaada ergantootaa jaalatee, Isxifaanos ka jedhamu dhugeeffanna'aa fi Ayyaanni Woyyichi ka keessa guute filane; akkasuma Filiphoosii fi Phirokoros, Niqaaroona'aa fi Ximoonaa, Pharmena'aa fi Niqolaawosii nama biyya Anxokiya'aa ka dhugeeffannaa Yihudootaa dur fudhateerulle filane. \v 6 Isaan worra kana duudii ergantoota dura dhaabbachiisane; ergantootille harka ifi isaan irra keyanee daadimatane. \p \v 7 Jechi Waaqaa badhataa deeme, laakkossi dhugeeffattootaa Yerusaalem keessatti guddataa guddataatuma deeme; hayyooti hedduulle dhugeeffatane. \s1 Isxifaanos Qabame \p \v 8 Isxifaanos badhaadhaa fi hunna Waaqaatiin guutamee baasotaa fi bilbaasota guddaa odduu kolba'aatitti huje. \v 9 Yennaa san Yihudooti miseensota, «Mana waaqonfannaa worra bilisa bayee» jedhamuu, worri Qareena'aatii fi Iskindiriya'aa, worri biyya Qiliiqiya'aatii fi Asiya'aatii dhufane tokko ka'anee Isxifaanositti falmane. \v 10 Te'uu malee, qarumma'aa fi Ayyaana Isxifaanos ittiin dubbatu mormiisa hin dandeenne. \v 11 Maarre isaan, «Dubbii Muuse'ee fi Waaqa faanshessitu isaa dubbatu dhageenneerra» akka jedhanuuf namoota dhossa'aan itti tirtirsane. \v 12 Akkuma kanaan isaan kolbaa, jaarsole'ee fi barsiisota Seera Muuse'ee itti tirtisanee, Isxifaanos qabanee fuudhanee kora mura'aa dura dhikeessane. \v 13 Achiin duuba isaan namoota garii ka dharaan dhugaa isa irratti bayanu fidane. Dhugaa baatoti dharaa tuun, «Namichi kun, Galma Waaqaa woyyicha keennaa fi Seera Muuse'ee irratti yennaa mara morma. \v 14 ‹Yesuusiin nama Naaziretii Galma Waaqaa hin diiga, aadaa Muusee irraa gad nu'uuf dhuttelle duudii hin jijjiira› jedhuun dhageenneerra» jedhane. \v 15 Worri Kora mura'aa keessa tee'eeru duudiin hubatanee Isxifaanos yennaa ilaalanu, fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqaa te'ee dhaggane. \c 7 \s1 Dubbii Isxifaanos Dubbate \p \v 1 Hayyichi guddaan, «Wonni siin jedhanu kun dhuga'aa?» jedhee Isxifaanos gaafate. \p \v 2 Isxifaanosille deebisee, «Obboleeyyanii fi abbootii tiyya, na dhage'a'a! Abbaan keenna Abrahaam lafa Kaaraanii le'iisaaf adoo hin deemin dura, ulfinni Waaqaa Mesophotaamiyaa keessatti isatti mudhatee, \v 3 ‹Fira keetii fi biyya teeti lakkisiitii gara lafa ani si'itti mudhisuu deemi› jedheen. \v 4 Achiin duuba inni biyya ifii Kaldiyaa lakkisee, Kaaraan keessa le'iisaaf deeme. Abbaan isaa du'een duuba, Waaqi gara lafa amma isin leetanu tanaa isa fide. \v 5 Teetuu malee Waaqi lafa haga faana miilalle isaaf hin kennine; ammoo yennaa san Abrahaam ilma qabaatuu dhabulle, Waaqi lafa san isaa fi sanyii isaatiif akka kennu, waadaa galeeraayyu. \v 6 Waaqi karaa kanaan Abrahaamiin, ‹Sanyiin teeti lafa ormaa keessa galtuu teetee hin leeti; achitti garboontee haga woggaa dhibba afurii hin cunqurfanti. \v 7 Ani ammoo kolbaa isaan garboonsite sanitti hin mura; achiin duuba sanyiin teeti lafa san keessaa baatee asitti na hin waaqonsiti› jedheera. \v 8 Achiin duuba Waaqi gondooroo haqanqaba'aa Abrahaamiif kenne; maarre Abrahaam ilmi isaa Yisihaq dhalateen duuba, guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabe; akkasuma Yisihaqille ilma ifii Yaaqoob haqanqabaa qabe; Yaaqoobille abbootii gosa Israa'elii ka te'ane, ilmaan ifii kudhanii lama haqanqabaa qabe. \p \v 9 «Ilmaan Yaaqoobii obboleessa ifii Yoseef hinaattee, garba akka te'uuf biyya Gibxiititti isa gurgurte; Waaqi ammoo isa woliin jiraayyu; \v 10 rakkoo mara keessalle'ee isa baase. Yoseef mooticha lafa Gibxi'ii Fara'oon dura yennaa dhikaate, Waaqi arnyaa fi qarooma isaaf kenne; mootichille bulchaa biyya Gibxi'iitii fi ajajaa qabeenna mana ifii isa godhe. \v 11 Bara san biyya Gibxi'iitii fi Kana'aanii maratti beelti rakkoo guddoo fidde; abbootiin teennalle waan nyaattu dhaggatuu hin dandeenne. \v 12 Yaaqoobille biyya Gibxi'ii keessa midhaan akka jiru yennaa dhage'e, yennaa jalqabaatiif, abbootii teenna ka te'ane, ilmaan ifii achi erge. \v 13 Yennaa isaan lammeessoo dhaqane, Yoseef eennummaa ifii obboleeyyan ifiititti hime; mootichi biyya Gibxi'iille maatii Yoseefii beeke. \v 14 Maarre Yoseef, worri duudiin nami torbaatamii fi shan martinuu, gara biyya Gibxi'ii akka dhufanu, abbaa ifii Yaaqoobitti erge. \v 15 Tanaaf Yaaqoob gara biyya Gibxi'ii dhaqee, innii fi ilmaan isaalle achitti du'ane. \v 16 Lafeen isaanii gara lafa Sheekem jedhantu geeffantee, addee awwaalaa lafa Abrahaam beesee ifiitiin gosa Hamoorii irraa bitetti awwaalante. \p \v 17 «Waadaan Waaqi Abrahaamiif gale muummowisaaf yennaa dhikaate, laakkossi kolbaa teennaa ka biyya Gibxii keessaa heddataa deeme. \v 18 Muummee irratti, mootichi marroo Yoseefii hin beenne tokko biyya Gibxi'ii bulchiisa jalqabe. \v 19 Mootichi kun abbootii teenna gowwoonsee gadhaa itti jabaatee, daa'immaan isaanii akka duutuuf, ala baasanee akka gatanu dirqansiise\f + \fr 7:19\fr*\fqa Dirqansiise: \fqa*\ft Hunnaan tolche\ft*\f*. \v 20 Bara san Muuseen dhalate; inni daa'ima shaggicha; haga ji'a sadii mana abbaa ifii keessatti guddate. \v 21 Inni yennaa alatti gatame, intalti Fara'oonii isa fuutee, akka ilma ifiititti gudditte. \v 22 Muuseen qarooma worra Gibxi'ii duudii baratee dubbi'ii fi hujiile'een nama jabaa te'e. \p \v 23 «Inni woggaa afurtama yennaa geye, kolbaan Israa'elii akka itti jirtu ilaaliisaaf yaadate. \v 24 Muuseen yennaa namichi biyya Gibxi'ii tokko nama Israa'elii tokko miidhuun dhagge rogeefii, namicha biyya Gibxi'ii dhowee ijjeese. \v 25 Muuseen karuma isaatiin Waaqi bilisa akka isaan baasu, kolbaan waan hubattu seyeeyyu; isaan ammoo hin hubanne. \v 26 Boruyyaa nami lama ka gosa Israa'elii wol lolanuun dhaggee, wolitti araarsiisaaf barbaadee, ‹Jarana, isin obboleeyyan; maaf wol loltan?› jedheen. \v 27 Namichi lola kaase ammoo Muusee achi darbee, ‹Nu'u irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe? \v 28 Akkuma kalee namicha Gibxi'ii ijjeette, analle ijjeesuu barbaaddaa?› jedheen. \v 29 Muuseen yennaa tana dhage'e, biyya Gibxi'ii keessaa dheetee, gara lafa Miidiya'aa galee le'e. Achitti ijoollee lama uumate. \p \v 30 «Woggaa afurtamaan duuba, lafa goomole'ee keessatti Gaara Siina'aa biratti bobe'a tusee gabbattuu keessatti, ergamaan Waaqaa Muuse'etti mudhate. \v 31 Muuseen waan kana yennaa dhagge baaseffatee, ilaaliisaaf itti dhikaate. Ammoo inni qoonqoo Gootta'aa, \v 32 ‹Ani Waaqa abbootii teetii, Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqiitii fi Yaaqoobii ti› jettu dhage'e. Muuseen soda'aan rorommee, ilaaliisaafille itti hin gamne. \v 33 Goottaan Muuse'een, ‹Addeen ati dhaabbatteertu lafa woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu. \v 34 Ani dhugumaan rakkinna kolbaa tiyyaa ta biyya Gibxi'ii keessaa dhaggeera. Ani iyya isaanii dhage'eera; isaan bilisa baasiisaafille gad dhufeera. Amma koy; ani gara biyya Gibxi'ii si ergaara› jedhe. \p \v 35 «Kolbaan Israa'elii Muuse'een, ‹Nu irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe?› jettee isa jibbiteertiiyyu. Te'uu malee Waaqi Muusuma kana karaa ergamaa Waaqaa ka tusee keessatti itti mudhateetiin, bulcha'aa fi ka bilisa baasu godhee gara isaanii erge. \v 36 Inni Gibxi'ii fi abbaayaa diintuu irratti baasaa fi bilbaasa hujaa, kolbaa sooressaa, biyya Gibxi'ii keessaa baase. \v 37 ‹Waaqi akkuma na kaase, raagaa tokko odduu teessaniinuu isiniif hin kaasa› jedhe ka dubbate Muusuma kana. \v 38 Inni abbootii teenna woliin lafa goomolee keessa jiruun, gaara Siinaa gubba'atti ergamaan Waaqaa ka itti dubbate isuma; Jecha Waaqaa ka jiru'uu ka nu'uuf dabarselle Muusuma kana. \p \v 39 «Abbootiin teenna ammoo, isaaf ajajamuu diddee, gadhaa ifiititti gara biyya Gibxi'ii deebi'iisaaf yaadatte. \v 40 Maarre isaan Aaroniin, ‹Muuseen biyya Gibxii keessaa nu baase kun waan te'e wollaallee, waaqota nu sooressanu nuu huji› jedhane. \v 41 Yennaa san isaan waaqa dharaa jabbii fakkeessanee hujanee, ciincaa dhikeessaneef; waan hujane sanitti gammadane. \v 42 Waaqi ammoo isaan irraa garagalee, urjoota ol-gubba'aa akka sagadanuuf dabarsee isaan kenne; akkuma kitaaba raagotaa keessatti barreeffante, \q1 «‹Ee, kolbaa Israa'elii! \q2 Woggaa afurtama goomolee keessatti \q2 horii qalmaatii fi ciincaa naaf dhikeessitanee ree? \q1 \v 43 Isin dunkaanii\f + \fr 7:43\fr*\fqa Dunkaanii: \fqa*\ft Godoo\ft*\f* waaqa molokiitii fi, \q2 fakkii urjii waaqa Reefaan jedhamuu, \q2 harka keessaniin hujjanee, waaqonsiisaaf ba'attane. \q2 Maarre anille biyya Baabilon irraa fagaattutti isin hin dabarsa› jedhe. \p \v 44 «Abbootiin teenna goomolee keessatti dunkaanii dhugaa bayaa qaddi. Dunkaaniin sun akka Waaqi Muuse'etti mudhisee, ‹Akkas huji› jedhetti ta hujante. \v 45 Abbootiin teenna dunkaanii san abbootii ifii irraa fudhatteen duuba, Iyaasuu woliin gara lafa gosa worra Waaqi isaan duraa ari'etti fudhatanee galane; dunkaaniin sunille haga bara Daawitii achi turte. \v 46 Daawiti Waaqa duratti fudhatama dhaggatee, Waaqa Yaaqoobiitiif mana ijaariisaaf gaafate. \v 47 Ammoo Waaqaaf ka mana ijaare Solomoon. \p \v 48 «Ammoo Waaqi ol aanaan mana harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u; kunille akkuma raagichi, \q1 \v 49 «‹Ol-gubbaan barcumaa mootummaa tiyyaa ti; \q2 lattille ijjata miila kiyyaa ti. \q2 Manni isin naaf ijaartanu ka attamii ti ree? \q2 Addeen ani itti foorfadhu eessa ree? \q1 \v 50 Waan san duudii ka huje anaa motii? jedha Goottaan› jedhe. \p \v 51 «Isin worra mataa jabaatu! Gadhaan keessan akka gadhaa worra Waaqa hin dhugeeffannee, gurri keessan akka gurra worra Waaqa hin dhageennee ti. Isin akkuma abbootii teessanii yennaa mara Ayyaana Woyyicha mormitan. \v 52 Raagaan abbootiin teessan hin miidhin tokkolle hin jiraa? Isaan raagota woggaa heddu'uun dura dhufa balchichaa odeessane ijjeesaneeran. Amma isinille isa dabarsitanee kennitanee ijjeettaneertan. \v 53 Isin karaa ergantoota Waaqaatiin seera Waaqaa fudhattaneertaniiyyu; isin ammoo hin ajajanneef» jedhe. \s1 Isxifaanos Dhaka'aan Tumame \p \v 54 Korri Mura'aa waan Isxifaanos jedhe yennaa dhage'ane, aaranee gubatanee, itti ciniinnatane. \v 55 Isxifaanos ammoo, Ayyaana Woyyichaan guutamee, gara ol-gubba'aa ilaalee, ulfinna Waaqaatii fi Yesuus midda Waaqaa dhaabbateeruun dhaggee, \v 56 «Kunoo, ol-gubbaan banantee, Ilmi Namaalle midda Waaqaa dhaabbateeruun ani dhagge» jedhe. \p \v 57 Korri Mura'aa iyyee gurra ifii qabate; achiin duuba isaan martinuu itti fiiganee, \v 58 qachaa keessaa harkisanee baasanee, dhaka'aan tumane. Dhugaa bayooti woyaa isaanii akka eeguuf dargaggeessa Saa'ol jedhamu tokko bira keyatane. \v 59 Adoo isaan dhaka'aan tumiisatti jiranuu, Isxifaanos, «Goottaa Yesuus, ayyaana kiyya fudhadhu» jedhee daadimate; \v 60 jilbiiffateelle qoonqoo ol qabatee, «Gootta'a, cubbuu tana isaanitti hin laakkowin» jedhee iyyee, du'e. \c 8 \s1 Saa'ol Wolde'a Kiristaanaa Ari'e \p \v 1 Saa'ol ijjeefamuu Isxifaanosiititti wolii gale; guyyuma Isxifaanos du'e san wolde'a kiristaanaa ka Yerusaalem keessaatitti miidhaan guddoon jalqadde. Ergantoota malee, dhugeeffattooti duudiin lafa Yihuda'aatii fi Samaariyaa keessaa duudi'itti bittinnowane. \v 2 Worri Waaqaaf ifi kenneeru Isxifaanosiif guddoo bowanee, reeffa isaa awwaalane. \v 3 Saa'ol ammoo wolde'a kiristaanaa balleessiisaaf wodhaanee, mana tokko irraa gara mana kaanii deemaa, dhiiraa fi dubartii gara mana hidha'aa seensise. \s1 Wongeelli Samaariya'atti Lallabame \p \v 4 Dhugeeffattooti bittinnowane addee mara dhaqanee, Oduu Gammadaa lallabane. \v 5 Filiphoos gara qachaa Samaariya'aa dhaqee kolbaa achi jirtuuf marroo Masiihii lallabe. \v 6 Gumiin waan Filiphoos jedhe yaada tokkoon dhageettee, baasa inni hujelle dhaggite. \v 7 Ayyaanni hamaan kolbaa hedduu keessaa qoonqoo guddo'oon iyyee baye; worri laashowee fi worri hokkolu hedduulle fayyane. \v 8 Tanaaf qachaa san keessatti gammadi guddaan te'e. \p \v 9 Qachaa san keessa namichi Simoon jedhamu tokko jiraayyu; inni hujii xanoo ifiitiin worra qachaa Samaariya'aa baaseffachiisee, ani nama gudda'a ifiin jedhaa tureera. \v 10 Worri qachaa sanii diqqa'aa fi guddaan duudiin, «Namichi kun, hunna Waaqaa ta ‹Hunna guddoo› jedhantu» jedhaa yaada tokkoon dhage'ane. \v 11 Isaan, waan Simoon yennaa hedduu xanoo ifiitiin isaan baaseffachiiseef, yaada tokkoon isa dhage'ane. \v 12 Isaan ammoo Filiphoos marroo oduu gammada Mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoosii yennaa isaanitti lallabe dhage'anee, dhiiraa fi dubartooti dhugeeffatanee cuuphamane. \v 13 Simooninuu dhugeeffatee cuuphameen duuba, waa'ela Filiphoosii te'ee, baasotaa fi bilbaasota gugurdaa hujame yennaa dhagge baaseffate. \p \v 14 Ergantooti Yerusaalem keessa jiranu, worri Samaariya'aa Jecha Waaqaa akka fudhate yennaa dhage'ane, Pheexroosii fi Yohaannis gara isaanii ergane. \v 15 Isaan yennaa achi geyane, Ayyaana Woyyicha akka fudhatanu dhugeeffattootaaf daadimatane. \v 16 Worri Samaariya'aa maqaa Goottaa Yesuusii qofaan cuuphameera malee, Ayyaanni Woyyichi isaan keessaa nama tokko irralle'etti bu'ee hin jiruuyyu. \v 17 Tanaaf Pheexroosii fi Yohaannis harka ifii isaan irra keyane; isaanille Ayyaana Woyyicha fudhatane. \p \v 18 Yennaa ergantooti harka ifii dhugeeffattoota irra keyane, Simoon akka Ayyaanni Woyyichi namootaaf kenname dhagge. Maarre inni Pheexroosii fi Yohaannisiif beesee fidee, \v 19 «Nami ani harka kiyya irra keyu duudiin, akka Ayyaana Woyyicha fudhatu hunna tana analle'eef kenna'a» jedhe. \p \v 20 Pheexroos ammoo deebisee, «Ati Kennansa Waaqaa beese'een bitatiisaaf waan yaaddeef, atii fi beeseen teetille qile'etti bada'a! \v 21 Gadhaan keeti Waaqa duratti qajeelaa waan hin te'iniif, ati hirmaannaa yookiin qooda hujii teenna keessaa hin qaddu. \v 22 Tanaaf hammeenna yaada gadhaa keetii kana irraa deebi'i; waan akkana yaadatte kanaaf si'iif araarama fa'a te'a, gara Gootta'aa daadimadhu. \v 23 Ati hinaaffaa hadhoottu'uun guutantee, hidhamaa cubbu'uu akka teete dhaggeera» jedhe. \p \v 24 Simoon, Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Waan isin anaan jettane kana keessaa tokkolle akka ana hin dhaqqanne, maganne'ee gara Gootta'aa naaf daadimadha'a» jedhe. \v 25 Pheexroosii fi Yohaannis dhugaa bayanee, Jecha Gootta'aa odeessaneen duuba, ollaa worra Samaariya'aa hedduu keessa Oduu Gammadaa lallabaa gara Yerusaalemii deebi'ane. \s1 Filiphoosii Fi Guneessicha Itoophiya'aa \p \v 26 Ergamaan Waaqaa Filiphoosiin, «Ka'iitii, Yerusaalem irraa karaa kibba goomolee Gaaza'aa geessu dhaqi» jedheen. \v 27 Maarre Filiphoos ka'ee dhaqe; namichi guneessichi Itoophiya'aa tokkolle itti dhufe; inniin kun qabeenna giittittii Itoophiya'aa ta «Kandaakee» jedhantuu irratti qondaala ture; inni Waaqa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqeera. \v 28 Inni gara biyya ifii yennaa deebi'u garreettaa geejjibaan harkifamu irra tee'ee, kitaaba raagicha Isaayaasii dubbisaaraayyu. \v 29 Ayyaanni Woyyichi Filiphoosiin, «Beenu gara garreettaa geejjibaan harkifamu sanii dhikaadhu» jedhe. \v 30 Filiphoosille gara garreettaa fardaan harkifamuu san rukkisee, guneessichi sun kitaaba raagicha Isaayaasii keessaa dubbisuun dhage'ee, «Wonni ati dubbittu kun sii galaaraa?» jedhee gaafate. \p \v 31 Guneessichi deebisee, «Adoo nami tokko naaf issee hin himin attamiin hubatiisa dande'a?» jedhe. Maarre inni akka Filiphoos garreettaa fardaan harkifamu san yaabee isa bira tee'uuf waame. \p \v 32 Addeen inni Barreeffama Woyyicha keessaa dubbisiisatti jiru, \q1 «Inni akka hoolee qalantuu oofame; \q2 akka ilmayyoo hoole'ee, \q2 yennaa nami rifeensa irraa muru cadhittuu, \q2 Inni waan tokkolle hin dubbanne. \q1 \v 33 Inni ifi gad qabee, muraa dhuga'aa dhabe. \q2 Jiruun isaa lafa irraa waan fudhatanteef, \q2 eennuttuu sanyii isaa himuu dande'a?» ka jedhu. \p \v 34 Guneessichi Filiphoosiin, «Raagichi waan kana marroo eennuu dubbataara? Marroo ifiiti moo marroo nama dhibi'ii ti? Me natti himi» jedhe. \v 35 Achiin duuba Filiphoos dubbatiisa jalqabee, Barreeffama Woyyicha kana irraa kaasee, Oduu Gammadaa marroo Yesuus Kiristoosii isatti hime. \v 36 Isaan adoo karaa san gad deemanuu, bisaan tokko bira geyane. Guneessichi, «Bisaan kunoo ti; akka ani hin cuuphanne wonni na dhooggaa maan?» jedhe. [ \v 37 Filiphoos deebisee, «Gadhaa tokkoon yoo dhugeeffatte hin dandeetta» jedhe. Guneessichi deebisee, «Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa akka te'e hin dhugeeffadha» jedhe.]\f + \fr 8:37\fr*\ft Barreeffami gogaa duugame irratti barreeffame gariin laakkossa 37 hin dabalata; ka durii ammoo hin dabalatu.\ft*\f* \v 38 Guneessichi garreettaa fardaan harkifamu akka dhaabbatu ajaje; innii fi Filiphoos gara lagaa dhaqanee, Filiphoosille isa cuuphe. \v 39 Isaan bisaan keessaa yennaa bayane, Ayyaanni Gootta'aa Filiphoos butee fuudhee deeme. Guneessichi deebi'ee isa hin dhaggine. Teetuu malee karaa ifiititti deebi'ee, gammadaa deeme. \v 40 Filiphoos ammoo qachaa Azooxonii keessatti dhaggamee, Oduu Gammadaa qachoota maraa keessatti lallabaa, gara qachaa Qiisaariya'aa dhaqe. \c 9 \s1 Saa'ol Yesuusitti Dhugeeffate \r (HuE. 22:6-16; 26:12-18) \p \v 1 Saa'ol ammalle barattoota Gootta'aa ijjeesiisaaf dhaadataa, gara Hayyicha gudda'aa dhaqe. \v 2 Worra karaa Gootta'aa hordofu dhiiraa fi dubartiille yoo dhagge, hidhee gara Yerusaalemii fidiisaaf akka dande'u, xalayaa gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa ka Damaasqo'oo akka isaaf barreessu, Hayyicha Guddaa gaafate. \v 3 Saa'ol adoo deemuu qachaa Damaasqo'ootitti dhikaateeruun, dedhuma ifi ol-gubba'aa irraa adaala isaatitti balaqqise. \v 4 Inni lafatti jigee qoonqoo, «Saa'ol, Saa'ol maaf na miita?» jettu dhage'e. \p \v 5 Saa'olille, «Gootta'a, ati eennu?» jedhee gaafate. \p Qoonqoolle, «Ani Yesuusii ati miitu; \v 6 ammoo, ka'ii gara qacha'aa seen. Wonni ati godhuu qaddu achitti si'itti himama» jette. \p \v 7 Namooti Saa'ol woliin deemiisatti jiranu, qoonqoo dhage'ane malee, nama dubbatu hin dhaggine; isaan cadhisanee dhaabbatane. \v 8 Saa'ol addee jigee ka'ee ila ifii yennaa banate, womaa dhaggiisaaf hin dandeenne. Tanaaf isaan harka isaa qabanee, gara qachaa Damaasqo'oo isa geessane. \v 9 Inni haga guyyaa sadii womaa dhagguu hin dandeenne; hin nyaannelle'e yookiin hin unnelle'e. \p \v 10 Yennaa san barataan Anaaniiyaas jedhamu tokko, Damaasqoo keessa jiraayyu. Goottaan mudhi'iin «Anaaniiyaas» jedheen. \p Innille deebisee, «Kunoo ani as jira, Gootta'a» jedhe. \p \v 11 Goottaalle, «Qophowiitii, gara karaa ‹Qajeelaa› jedhamu dhaqiitii, mana Yudaasiititti namicha lafa Xarseesii, ka maqaan isaa Saa'ol jedhamu tokko iyyaafadhu. Inni amma daadimatiisatti jira; \v 12 Saa'ol mudhi'iin namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko dhufee, harka ifii isa irra keyee akka fayyu dhaggeera» jedheen. \p \v 13 Anaaniiyaas deebisee, «Gootta'a, namichi kun kolbaa teeti ta Yerusaalem keessa jirtu waan hantuu akka inni godheeru nami hedduun natti himeera. \v 14 Inni worra maqaa keeti waammatu mara hidhiisaaf, sooreyyii hayyootaa irraa baallii dhaggateera» jedhe. \p \v 15 Goottaan Anaaniiyaasiin, «Inni maqaa kiyya worra Yihudoota hin te'iniif, moototaa fi kolbaa Israa'eliitiif akka beessisu, tajaajilaa kiyya ka ani filadhe waan te'eef gara isaa dhaqi. \v 16 Akka inni marroo maqaa kiyyaatiif guddoo rakkatu, aninuu isatti hin mudhisa» jedhe. \p \v 17 Maarre Anaaniiyaas deemee, mana Saa'ol jiru seene; inni harka ifii Saa'ol irra keyee, «Obboleessa kiyya Saa'ol, Goottaan Yesuus, as dhufiisatti jirtuun karaa irratti ka si'itti mudhate, akka ati deebitee dhaggituu fi Ayyaana Woyyichaan akka guutantuuf ana ergeera» jedhe. \v 18 Yoosuma wonni akka solloqqee qurxummi'ii fakkaattu, ila Saa'olii irraa buutee, deebi'ee dhaggiisaaf dande'e. Inni ol ka'ee cuuphame; \v 19 sagalee nyaateen duuba jabaate. \s1 Saa'ol Damaasqo'otti Lallabe \p Saa'ol guyyoota diqqa'aaf lafa Damaasqo'oo keessa barattoota woliin ture. \v 20 Saa'ol adoo hin turin mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee, «Yesuus Ilma Waaqaa ti» jedhee lallabiisa jalqabe. \p \v 21 Worri isa dhage'e duudiin baaseffatee, «Inni Yerusaalem keessatti worra maqaa Yesuusii waamu ka balleessaa turee motii? Ammalle inni isaanuma hidhee gara sooreyyii hayyootaa geessiisaaf as hin dhunnee?» jedhane. \p \v 22 Saa'ol ammoo lallabi isaa irra caalaa hunna dhaggataa deemee, Yesuus Masiihii akka te'e mirkaneessinaan, Yihudooti Damaasqoo keessa le'anu waan jedhanu wollaalane. \p \v 23 Guyyaa heddu'uun duuba Yihudooti, Saa'ol ijjeesiisaaf mala dhowane. \v 24 Inni ammoo mala isaanii beeke. Isaanille isa ijjeesiisaaf halkanii fi guyyaa karra qacha'aatitti isa eegane. \v 25 Hordofattooti Saa'olii ammoo, gaafa tokko halkaniin, Saa'ol xaxxoo\f + \fr 9:25\fr*\fqa Xaxxoo \fqa*\ft Saaxaraa, qiriccoo\ft*\f* keessa keyanee, foddaa dalleya dhaka'aatiin gad buusane. \s1 Saa'ol Qachaa Yerusaalemii Keessatti Lallabe \p \v 26 Saa'ol gara Yerusaalemii yennaa dhaqe, barattootatti makamiisaaf wodhaane; isaan ammoo akka inni dhugumaan barataa te'e waan hin dhugeeffatiniif, duudiinuu isa sodaatane. \v 27 Baarnaabaas ammoo isa fuudhee gara ergantootaa geessee, karaa irratti Goottaan attamiin akka isa dhaggee fi attam akka itti dubbate, akkasuma Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin sodaa malee akka inni lallabe isaanitti hime. \v 28 Maarre Saa'ol isaan woliin te'ee Yerusaalem duudii keessa dhaqee, sodaa malee maqaa Gootta'aatiin lallabe. \v 29 Inni Yihudoota afaan Giriiki'ii dubbatanu woliin dubbataa itti moromaa ture; isaan ammoo isa ijjeesiisaaf wodhaanane. \v 30 Dhugeeffattooti waan kana yennaa beekane, gara Qiisaariya'aa geessane; achille'een gara Xarseesii ergane. \p \v 31 Achiin duuba wolde'i kiristaanaa ka Yihudaa, Galiilla'aa fi Samaariyaa keessa jiranu duudiin nageya dhaggatanee jabaatane; Goottaalle ulfeessaa, Ayyaana Woyyichaan jajjabaataa, laakkossaan heddatane. \s1 Pheexroos Eneyaas Fayyise \p \v 32 Pheexroos addee duudii adoo deddeemuu, kolbaa Waaqaa ta lafa Liidaa keessa leetu ilaaliisaaf dhufe. \v 33 Inni achitti namicha Eneyaas jedhamu, ka nafi isaa laashoweeruu fi haga woggaa saddeetii taqee irraa ka'ee hin dandeenne tokko dhagge. \v 34 Pheexroos, «Eneyaas, Yesuus Kiristoos si fayyisa ol ka'iitii, taqee teeti afadhu» jedhe. Yoosuma Eneyaas ol ka'ee dhaabbate. \v 35 Kolbaan Liidaa fi Saaron keessa leetu duudiin isa dhaggitee, gara Gootta'aa deebite. \p \v 36 Qachaa Yophee keessa dubartittiin dhugeeffattuun, Xaabiitaa jedhantu takka jirtiiyyu. Maqaan isi'ii afaan Giriikiitiin Dorqa'a; hiikkaan, «Buddannee» jechu'u. Isiin yennaa mara hujii dansaa hujaa, hiyyeeyyii qarqaaraa turte. \v 37 Yennaa san isiin dhibantee duunaan, reeffa isi'ii dhiqanee kolloo mana gubba'atti ijaarantee keessa irkisane. \v 38 Liidaan Yophe'etti dhikoo waan teeteef, dhugeeffattooti Pheexroos Liidaa keessa akka jiru yennaa dhage'ane, nama lama gara isaa erganee, «Maganne'ee ariifadhuutii gara keenna koy» jedhanee kadhatane. \v 39 Maarre Pheexroos ka'ee isaan woliin deeme; yennaa inni achi geye, gara kolloo mana gubbaa jirtuu isa geessane. Haadhotiin hiyyeessaa duudiin isatti naannowanee, hidho'oo fi uffana Dorqaan jiru'uun yennaa jirtu hojjatte itti mudhisaa bowane. \v 40 Pheexroos isaan duudii kollo'oon alatti yaasee, jilbiiffatee daadimate; achiin duuba gara reeffaa gara galee, «Xaabiitaa, ka'i!» jedhe. Isiin ila ifii banattee, Pheexroos yennaa dhaggite ol jettee teette. \v 41 Inni harka isii qabee ol kaase. Achiin duuba dhugeeffattootaa fi haadhotii hiyyeessaa duudii waamee, jirtuu isi'ii isaan duratti dhikeesse. \v 42 Oduun tun Yophee duudii keessatti beekkante; kolbaan hedduulle Gootta'atti dhugeeffatte. \v 43 Pheexroosille namicha gogaa duugu ka Simoon jedhamu tokko woliin, guyyaa hedduu Yoophee keessa ture. \c 10 \s1 Pheexroosii Fi Qorneelewos \p \v 1 Qachaa Qiisaariya'aa keessa namichi Qorneelewos jedhamu tokko, kutaa woraana worra Rooma'aa ka «Ixaaliqaa» jedhamee waamamuuf ajaja dhibbaa ka ite'e jiraayyu. \v 2 Inni maatii ifii duudii woliin nama Waaqa waaqonfatuu fi Waaqa sodaatu. Inni ammalle worra Yihudootaa keessaa hiyyeeyyii guddoo qarqaaraa, yennaa mara Waaqa daadimataa ture. \v 3 Gaafa tokko saafowa gara saatii sagaliititti, ergamaan Waaqaa gara isaa dhufee, «Qorneelewos» jedhee isa waamuun mudhi'iin dhagge. \p \v 4 Qorneelewosille erganticha Waaqaa hubatee ilaalee soda'aan, «Gootta'a, maan?» jedhe. \p Ergamaan Waaqaa deebisee, «Waaqi daadimata keeti dhage'eera; hiyyeeyyii qarqaaruu keetille yaadateera. \v 5 Ammalle namoota gara qachaa Yophe'ee ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu tokko waansisi. \v 6 Inni abbaayaa cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira» jedhe. \v 7 Achiin duuba ergantichi isatti dubbatee biraa deemeeruun, Qorneelewos tajaajiltoota ifii keessaa nama lamaa fi loltoota isaaf addatamanu keessaa nama tokko waamee, \v 8 waan te'e san duudii isaanitti himeen duuba, gara qachaa Yophe'ee erge. \p \v 9 Boruyyaa worri ergame qachaa Yophe'ee bira geyeeruun, Pheexroos gara saatii jaatitti daadimatiisaaf gara mana mana gubba'aa ol baye. \v 10 Yennaa san Pheexroos beelowee waan nyaatu barbaade; adoo sagaleen qophowiisatti jirtuu galaalchee\f + \fr 10:10\fr*\fqa Galaalchee: \fqa*\ft Akka rafuu te'ee\ft*\f* mudhii dhagge. \v 11 Inni ol gubbaan banantee, wonni akka woyaa guddoo fakkaattu roga afuriinuu gad bu'aartuun dhagge. \v 12 Woyaa san keessa bineensoti miila afur qabanu, ka gadha'aan lowanuu fi sinbirrooti koolaan ka'anu duudiin jiran. \v 13 Yennaa san qoonqoon, «Pheexroos, ka'i; bineensota kana qaladhuutii nyaadhu!» jettu dhage'e. \p \v 14 Pheexroos ammoo, «Hin teetu, Gootta'a! Ani waan aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in yookiin waan battii nyaadhee hin beeku» jedhe. \p \v 15 Ammalle qoonqoon deebitee, «Waan Waaqi qulqulleesse, ati akka batti'ii hin laakkowin» jetteen. \v 16 Tun yennaa sad teetee, wonni akka woyaa guddoo fakkaattu sun gara ol-gubba'aa fudhatante. \p \v 17 Pheexroos mudhiin tun maan jedhee adoo baaseffatiisatti jiruu, namooti Qorneelewos erge mana Simoonii iyyaafatanee dhufanee, balbala dura dhaabbatane. \v 18 Isaan qoonqoo ol qabatanee, «Keessumtichi Simoon Pheexroos jedhamu tokko as jiraa?» jedhanee gaafatane. \p \v 19 Pheexroos ammalle marroo mudhi'ii adoo yaadatiisatti jiruu Ayyaanni, «Kunoo! Namooti sad si barbaadiisatti jiran. \v 20 Tanaaf ka'iitii gad bu'i; ka isaan erge ana waan te'eef adoo hin mamin isaan woliin deem» jedhe. \v 21 Maarre Pheexroos gad bu'ee isaaniin, «Nami isin barbaaddanu ana; maaf dhuttane?» jedhe. \p \v 22 Isaan deebisanee, «Ajajaa dhibbaa ka te'e, Qorneelewositti nu erge; inni nama qajeelaa Waaqa waaqonfatuu fi kolbaan Yihudootaa duudiin ulfeessitu; inni gara mana ifii si waansisee, waan ati jettu akka dhage'u, ergamaan Waaqaa woyyichi isatti himeera» jedhane. \v 23 Pheexroosille ol isaan waamee, keessumsiisee bulche. \p Pheexroos boruyyaa ka'ee isaan woliin deeme; dhugeeffattooti qachaa Yophee keessaalle gariin isa woliin deemane. \v 24 Guyyaa itti aanu qachaa Qiisaariya'aa geyane; Qorneelewosille firootaa fi jaalota ifii waammatee, isaan eegate. \v 25 Pheexroos gara manaa yennaa seene, Qorneelewos isaa dhaggee, miila isaatitti jigee sagadeef. \v 26 Pheexroos ammoo, «Ka'i! Anille namuma akka keetii ti» jedhe. \v 27 Pheexroos isa woliin haasowaa yennaa mana seene, kolbaan hedduun wolitti qabanteertuun dhagge. \v 28 Inni isaaniin, «Nami gosa Yihudi'ii tokko, worra Yihudii hin te'in woliin firoomuu yookiin mana wolii dhaquu seerri dhugeeffannaa teennaa akka hin eeyyanne isinuu hin beettan. Waaqi ammoo, akka ani nama tokkolle'een aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqullu'uu moti yookiin battii akka hin jenne natti mudhiseera. \v 29 Tanaaf yennaa isin natti ergitane, ani adoo hin mamin dhufe; yoona maaf akka natti ergitane beekuu barbaada» jedhe. \p \v 30 Qorneelewos deebisee, «Guyyaa afuriin dura yennuma tana guyyaa keessa saatii sagalitti, ani mana kiyya keessatti daadimatiisatti jiruun, dedhuma nami woyaa calalaxxuu uffateeru tokko na dura dhaabbattee, \v 31 ‹Qorneelewos! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; hiyyeeyyii qarqaaruu keetille yaadateera› jedhe. \v 32 Nama gara Yophe'ee ergiitii namicha Simoon Pheexroos jedhamu waansisi. Inni abbaayaa cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira. \v 33 Tanaaf anille yoosuma sitti erge; atille baga dhutte. Amma nuuti duudiin waan Goottaan sitti hime duudii si irraa dhage'iisaaf, fuula Waaqaa duratti asitti wolitti qabanneerra» jedhe. \s1 Lallaba Pheexroosii \p \v 34 Pheexroos isaaniin, «Dhugumaan Waaqi akka nama wol hin caalchinne hubadheera. \v 35 Nama biyya tamiille te'uutii, ka Waaqa sodaatuu fi waan sirrii godhu Waaqa biratti fudhatama qaba. \v 36 Waaqi Jecha ifii kolbaa Israa'eliitiif erguu isaa, Oduu Gammadaa ta nageyaa, karaa Yesuus Kiristoosii Goottaa nama maraatiin lallabuu isaa hin beettan. \v 37 Yohaannis marroo cuupha'aa lallabeen duuba, biyya Galiila'aatii jalqabee lafa Yihuda'aa mara keessatti waan te'e hin beettan. \v 38 Waaqi, Yesuusii Naaziretii Ayyaana Woyyichaan muudee hunna akka isaaf kenne, Yesuusille Waaqi isa woliin waan jiruuf addee mara dhaqee hujii dansaa hujee, worra Seexanaan qabame duudii akka fayyise hin beettan. \v 39 Nuuti biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemiititti, waan Yesuus godhe maraaf dhugaa baatota; isaan ammoo isa fannoo irratti fannisanee ijjeesane. \v 40 Waaqi ammoo guyyaa sadeesso'oo du'aa isa kaasee, akka inni mudhatu godhe. \v 41 Mudhatuun isaa nama duudi'iif adoo hin te'in, nu worra dhugaa bayoota isaa akka teenuuf filannee, du'aa ka'a isaatiin duuba isa woliin nyaannee fi unnetti mudhateera. \v 42 Waaqi akka nuuti wongeela kolba'aaf lallannu, worra jiruu fi du'e irratti abbaa mura'aa akka te'uuf akka isa file, akka dhugaa baanuuf nu ajajeera. \v 43 Worri isatti dhugeeffatu duudiin, maqaa isaatiin araara cubbu'uu akka dhaggatanu, raagoti duudiin dhugaa bayaneeran» jedhe. \s1 Worri Yihudoota Hin te'in Ayyaana Woyyicha Fudhate \p \v 44 Adoo Pheexroos tana dubbatiisatti jiruu, Ayyaanni Woyyichi worra dubbii isaa dhage'iisatti jiru duudii irratti bu'e. \v 45 Yihudooti dhugeeffataneeranu ka Pheexroos woliin dhufane, Waaqi kennansa Ayyaana Woyyichaa worra Yihudoota hin te'iniifille kennuu isaa dhagganee baaseffatane. \v 46 Yihudooti dhugeeffatane, worri Yihudoota hin te'in afaan haareya dubbataa Waaqa leellifatanuun dhaggane. Achiin duuba Pheexroos, \v 47 «Kolbaan tun akkuma keenna Ayyaana Woyyicha fudhatteerti. Akka isaan bisaaniin hin cuuphanne eentu dhoogga ree?» jedhe. \v 48 Maarre Pheexroos akka isaan maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamanu ajaje. Achiin duuba isaan akka Pheexroos guyyaa diqqa'aaf isaan woliin turu gaafatane. \c 11 \s1 Pheexroos Waan Hojjatame Wolde'a Yerusaalemiititti Hime \p \v 1 Ergantootaa fi dhugeeffattooti biyya Yihuda'aa keessaa, worri Yihudoota hin te'inille Jecha Waaqaa akka fudhatane dhage'ane. \v 2 Maarre Pheexroos yennaa gara Yerusaalemii ol dhaqe, Yihudooti dhugeeffatane isatti mormanee, \v 3 «Ati mana worra haqanqabaa hin qabatinii dhaxxee, isaan wolille'een nyaatte» jedhane. \v 4 Pheexroos ammoo, waan te'e mara tokko tokkoon isaanitti himuu jalqabee: \p \v 5 «Ani qachaa Yophe'ee keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, galaalchee\f + \fr 11:5\fr*\fqa Galaalchee: \fqa*\ft Akka rafuu te'e\ft*\f* mudhii dhagge. Wonni akka woyaa guddo'oo fakkaattu roga afuriinuu ol gubbaa irraa dhuttee, na cinaa buute. \v 6 Ani hubadhee yennaa ilaale, woyaa san keessa horii miila afur qabu, bineensota, bineensota gadha'aan lowanuu fi sinbirroota koolaan ka'anu dhagge. \v 7 Achiin duuba qoonqoo, ‹Pheexroos, ka'i; bineensota kana qaladhuutii nyaadhu!› jettu dhage'e. \v 8 Ani ammoo, ‹Hin teetu, Gootta'a! Wonni aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in yookiin wonni battiin afaan kiyya seentee hin beettu› jedhe. \v 9 Ammalle qoonqoon ol-gubbaa irraa, ‹Waan Waaqi qulqulleesse, ati akka batti'ii hin laakkowin› anaan jette. \v 10 Tun yennaa sad teeteen duuba, wonni sun duudiin gara ol-gubba'aa fudhatante. \v 11 Yennaa san namooti sad ka Qiisaariyaa irraa gara kiyya ergamane, gara mana ani turee dhufane. \v 12 Ayyaanni Woyyichi akka ani mama malee isaan woliin deemu natti hime. Dhugeeffattooti jaan ka as na bira jiranulle na woliin dhaqanee, duudiin keenna mana Qorneelewosii seenne. \v 13 Qorneelewosille, ergamaan Waaqaa mana isaa keessa dhaabbateeruun akka dhaggee fi ergantichi isaan, ‹Gara Yophe'ee nama ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu waansisi; \v 14 inni dubbii atii fi worri keeti duudiin ittiin fayyitanu hin dubbata› akka jedheen nutti hime. \v 15 Yennaa ani dubbatiisa jalqabe, Ayyaanni Woyyichi akkuma jalqaba nu irratti bu'e, isaan irralle'etti bu'e. \v 16 Yennaa san waan Goottaan, ‹Yohaannis bisaaniin cuuphe, isin ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan› jedhe qaabadhe. \v 17 Waaqi yennaa nuuti Goottaa Yesuus Kiristoositti dhugeeffanne kennansuma nu'uuf kenne san, isaan worra Yihudoota hin te'iniifille eega kenne, ka Waaqa dhooggu ani eennu ree?» jedhe. \p \v 18 Isaan yennaa tana dhage'ane, moromaa lakkisanee, «Waaqi worra Yihudoota hin te'inille akka cubbuu irraa deebi'anee jiraatanu carraa kenneera» jedhanee Waaqa leellisane. \s1 Wolde'a Kiristaana Anxokiyaa Keessaa \p \v 19 Miidhaa yennaa Isxifaanos ijjeefame ka'een, dhugeeffattooti bittinnowane haga qachaa Finiqee, Qophiroosii fi Anxokiyaa deemanee, Jecha Waaqaa worra Yihudootaa calla'aaf himane.\x - \xo 11:19 \xo*\xt HuE. 8:1-4\xt*\x* \v 20 Te'uu malee dhugeeffattooti qachaa Qophiroosiitii fi Qareena'aatii dhufane gariin, gara qachaa Anxokiya'aa yennaa dhufane, worra Giriikootaalle'eef Oduu Gammadaa ta marroo Goottaa Yesuusii himane. \v 21 Goottaan hunna ifiitiin isaan qarqaare; kolbaan hedduulle dhugeeffattee gara Gootta'aa deebite. \p \v 22 Wolde'i kiristaanaa ka Yerusaalem keessaa oduu tana dhage'ee, Baarnaabaas gara Anxokiya'aa erge. \v 23 Inni achi geyee, Waaqi attam kolbaa akka badhaase yennaa dhagge, gammadee, duudiinuu gadhaa tokkoon Gootta'aaf addatamanee akka jabaatanu itti gorse. \v 24 Baarnaabaas nama arjaa Ayyaana Woyyichaa fi dhugeeffanna'aan guutame waan te'eef, kolbaan hedduun gara Gootta'aa deebite. \p \v 25 Achiin duuba Baarnaabaas Saa'ol barbaadiisaaf gara Xarseesii dhaqe. \v 26 Yennaa isa dhagge gara Anxokiya'aa isa fidee, woggaa guutuu isaan lamaanuu wolde'a Kiristaanaa woliin gumii hedduu barsiisane. Dhugeeffattooti qaraa Anxokiya'atti, «Kiristaanota» jedhamanee waamamane. \p \v 27 Yennaa san raagoti gariin Yerusaalemii gara Anxokiya'atti gad bu'ane. \v 28 Isaan keessaa tokkochi Agaabos ka jedhamu ka'ee, biyya lafaa duudii irratti beelti jadduun akka bu'aartu, Ayyaana Woyyichaan raaga dubbate; kunille bara Kilaawudiiyos mootii te'eerutti muummowe.\x - \xo 11:28 \xo*\xt HuE. 21:10\xt*\x* \v 29 Barattooti tokko tokkoonuu akkuma dandeettii ifiititti, dhugeeffattoota Yihudaa keessa leetu qarqaariisaaf murteeffatte. \v 30 Isaan tana godhanee, achiin duuba beesee karaa Baarnaabaasiitii fi Saa'oliitiin gara jaarsota wolde'a Kiristaanaa ergane. \c 12 \s1 Ijjeefamuu Yaaqoobiitii Fi Hidhamuu Pheexroosii \p \v 1 Bara san mootichi Heroodis\f + \fr 12:1\fr*\fqa Heroodis: \fqa*\ft Heroodisiin kun Agriiphaa matoomaa ti; inni akaakoo Heroodisii wongeela Maatewoosii, foora lama keessatti dubbinnu; inni akka laakkossa Awuropha'aatitti dhaloota Kiristoosiitiin duuba bara 37-44 bulche\ft*\f*, miseensota wolde'a kiristaanaa tokko tokko miidhuu jalqabe. \v 2 Inni Yaaqoobii obboleessa Yohaannisii shallaaga'aan ijjeesise. \v 3 Wonni kun Yihudoota akka gammachiitte yennaa dhagge, itti dabalee Pheexroos qassiise; tunille yennaa Jila Daabboo Uukoo hin qannee teete. \v 4 Heroodis yennaa Pheexroos qassiisee mana hidha'aatitti galche, afur afur te'anee akka isa eeganu loltoota dabaree afuritti qoodamaneeranutti isa kenne. Jila Irra Dabaramaatiin duuba kolbaa duratti akka isa dhikeessuuf yaadate. \v 5 Adoo Pheexroos mana hidha'aa keessatti eegamuu, wolde'i kiristaanaa ammoo jabaatee gara Waaqaa isaaf daadimate. \s1 Pheexroos Mana Hidha'aatii Hiikame \p \v 6 Halkan bari'een duuba Heroodis silaa Pheexroos kolbaa duratti dhikeessu, Pheexroos wodaroo sibiilaa lamaan hidhamee, loltoota lama odduu rafee, eeddoti balbala mana hidha'aa dura dhaabbatanee eegane. \v 7 Dedhuma ergamaan Gootta'aa achi dhaabbatee, manni hidha'aa keessi ife. Ergantichille cinaacha Pheexroosii tuqee, isa dammassee, «Ariifadhuu ka'i!» jedheen. Wodaroon sibiilaalle harka isaa irraa buute. \v 8 Achiin duuba ergamaan, isaan «Hidhadhu! Kophee teetille keyadhu» jedhe. Pheexroosille akkuma inni itti hime tolche. Achiin duuba ergantichi, «Woyaa teeti uffadhuu na gula koy» jedheen. \v 9 Pheexroos mana hidha'aa keessaa bayee, erganticha gula deeme; ammoo waan ergamaan Gootta'aa godhe hin beenne; inni waan duudii oojjuu seye. \v 10 Isaan worra eedduu tokkeesso'ootii fi lammeesso'oo irra dabaraneen duuba, balbala sibiilaa ta gara qacha'aa bayanu bira geyane; balbaltille ifumaan isaan duraa banantee, gad bayane. Karaa tokko gad deemanee, ergamaan dedhuma Pheexroos biraa deeme. \p \v 11 Pheexroos yennaa bayyanate\f + \fr 12:11\fr*\fqa Bayyanate: \fqa*\ft Ifi beeke\ft*\f*, «Goottaan ergamaa ifii ergee harka Heroodisiitii fi waan worri Yihudootaa na irratti yaadane mara jalaa akka ana baase, amma dhugumaan beekeera» jedhe. \v 12 Pheexroos tana hubateen duuba, addee namooti hedduun wolitti qabamee daadimatiisatti jiru, gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii Maarqoos jedhamuu dhaqe. \v 13 Pheexroos achi geyee balbala karra alaa yennaa dhodhowe, tajaajiltittiin Roodaa jedhantu takka dhuttee owwaatte. \v 14 Isiin qoonqoo Pheexroosii beettee, waan guddoo gammaddeef, balbala adoo hin baniniif rukkittee gara keessaa seentee, «Pheexroos balbala dura dhaabbateera!» jettee odeessite. \v 15 Isaan, «Ati maraatteerta!» isi'iin jedhane. Isiin ammoo ittuma deddeebitee, «Lakkii isuma» jette. Achiin duuba isaan, «Ergamaa Waaqaa ka isa eegu te'innaa» jedhane. \v 16 Pheexroos ammoo balbala dhodhowiisa hin lakkinne; isaan balbala bananee yennaa isa dhaggane baaseffatane. \v 17 Inni akka isaan cadhisanu harka ifiitiin beessisa itti kennee, Goottaan mana hidha'aa keessaa attam akka isa baase isaanitti odeessee, «Dubbii tana Yaaqoobii fi dhugeeffattoota dhibiille'etti hima'a» jedhee, bayee addee dhibii dhaqe. \v 18 Yennaa latti bariite, loltooti, «Pheexroos maan te'e?» jedhanee, waan godhanu wollaalanee baaseffatane. \v 19 Heroodis Pheexroos barbaachisee isa dhagguu dhabee jennaan, eeddota qorateen duuba akka ijjeefamanu ajaje; \p Achiin duuba Heroodis Yihudaa irraa gara Qiisaariya'atti gad bu'ee achi ture. \s1 Du'a Heroodisii \p \v 20 Heroodis kolbaa Xiiroosiitii fi Sidooniititti guddoo aareeraayyu. Maarre isaan wolii galte'een gara isaa dhufanee, Bilaasxosii tajaajilaa addatamaa mana mootichaa, Heroodisitti dhikaatee araara akka isaaniif gaafatuuf, tole jechisiifataneen duuba, mooticha araara gaafatane; isaan biyya mootichi bulchu keessaa sagalee waan dhaggatanuuf tana jedhane. \p \v 21 Guyyaa wol dhaggiisaaf qabatane, Heroodis uffana mootummaa ifii uffatee, barcumaa mootummaa ifii irra tee'ee, kolba'atti dubbate. \v 22 Isaan, «Tun qoonqoo waaqaa ti malee, ta namaatii moti» jedhaa iyyane. \v 23 Heroodis ulfinna Waaqaaf waan kennuu dhabeef, ergamaan Waaqaa yoosuma isa dhowe; corroxxille isa nyaattee du'e. \v 24 Jechi Waaqaa ammoo, gudddataa badhataa deeme. \v 25 Baarnaabaasii fi Saa'ol ergaa dhaqaneef muummessanee, Yerusaalem irraa deebi'ane; Yohaannisii Maarqoos jedhamulle ifi faana fuudhanee dhufane. \c 13 \s1 Baarnaabaasii Fi Saa'ol Ergamane \p \v 1 Wolde'a kiristaanaa ka Anxokiya'aa keessa raagotaa fi barsiisoti jiraniiyyu: isaanille Baarnaabaas, Simoon ka «Gurraacha» jedhamu, Luukiyoosii biyya Qareena'aa, Maanaa'enii Heroodisii bulchaa\f + \fr 13:1\fr*\fqa Maanaa'enii Heroodisii bulchaa: \fqa*\ft Heroodisii bulchaa lafa Galiila'aa\ft*\f* woliin guddatee fi Saa'ol fa'a. \v 2 Isaan Goottaa tajaajilaa adoo laamanuu Ayyaanni Woyyichi isaaniin, «Baarnaabaasii fi Saa'ol hujii ani isaan waameef, isaan naaf fowa'a» jedhe. \p \v 3 Isaan laamanee daadimatanee, harka ifii isaan irra keyaneen duuba ergane. \s1 Baarnaabaasii Fi Saa'ol Qophiroositti \p \v 4 Baarnaabaasii fi Saa'ol Ayyaana Woyyichaan ergamanee, gara qachaa seluuqiya'aatitti gad bu'anee, hobolo'oon gara oddoola Qophiroosii dhaqane. \v 5 Isaan yennaa qachaa Salaamiisii geyane, Jecha Waaqaa mana waaqonfannaa Yihudootaatitti lallabane. Yohaannisiin Maarqoos jedhamulle isaan woliin jiraatee isaan qarqaare. \p \v 6 Isaan oddoola Qophiroosii keessa qaccee garanaatii haga qaccee taanii qaxxaamuranee, qachaa Phaafoosii yennaa geyane, namicha xanoo xanu Yihudicha Baar-Yesuus jedhamu tokko dhaggane; inni raagicha dharaamessa. \v 7 Inni lansa bulchaa oddoolaa qalbicha ka Sergiiyosii Phawuloos jedhamuu ti. Bulchaan kun Jecha Waaqaa isaan irraa dhage'iisaaf barbaadee, Baarnaabaasii fi Saa'ol gara ifii waame. \v 8 Namichi xanoo xanu ka afaan Giriikiitiin «Eliimaas» jedhamu ammoo, bulchaan biyya sanii akka hin dhugeeffanne barbaadee, isaaniin morme. \v 9 Achiin duuba Phawuloos ka jedhame Saa'ol Ayyaana Woyyichaan guutamee, namicha xanoo xanu hubatee ilaalee, \v 10 «Ati ilma Seexanaa ti! Ati diina dhugaa maraa ti! Ati sobaa fi hammeenna duudi'iin guutanteerta; ati yennaa mara dhugaa Gootta'aa gara sobaa jijjiiriisa hin lakkittuu? \v 11 Ammalle harki Gootta'aa si hin dhowa; ballaa hin teeta; yennaa diqqoolle ifa adu'uu hin dhaggitu» jennaan, \p Yoosuma hurri'ii fi dukkanti ila isaa qaddee, nama harka qabee isa sooressu adaala ifii qaqqabatiisa jalqabe. \v 12 Bulchaan waan te'e san yennaa dhagge, barsiisiisa Gootta'aa guddoo waan baaseffateef dhugeeffate. \s1 Qachaa Pherge'eetii Fi Anxokiya'atti Lallabane \p \v 13 Phawuloosii fi hordofattooti isaa lafa Phaafoosiitii hobolo'oon ka'anee, gara qachaa Pherge'ee ka Phamfiliyaa keessatti dhaggamuu dhaqane; Yohaannisiin Maarqoos jedhamu ammoo, isaan lakkisee gara Yerusaalemii deebi'e. \v 14 Isaan ammoo lafa Pherge'eetii ka'anee, gara qachaa Anxokiya'aa ka lafa Phisiidiya'aa keessatti dhaggamuu dhaqane; guyyaa Sanbataa mana waaqonfannaa Yihudootaa seenanee tee'ane. \v 15 Kitaab Seera Muuse'eetii fi Raagotaa dubbifameen duuba, bulchitooti Mana Waaqonfannaa Yihudootaa isaanitti erganee, «Obboleeyyan, jecha nama jajjabeessu yoo qabaattane dubbadha'a» jedhane. \v 16 Yoos Phawuloos ka'ee harkaan isaan haatatee: «Kolbaa Israa'eliitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqonsitanu, waan ani jedhu dhage'a'a! \v 17 Waaqi kolbaa Israa'elii, abbootii teenna fowatee, yennaa isaan akka ormaatitti biyya Gibxii keessa le'ane, gosa guddoo isaan godhe. Inni hunna guddoo ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee, \v 18 haga woggaa afurtamaa lafa goomole'ee keessatti isaan ossate. \v 19 Inni lafa Kana'aanii keessaa gosa biyya adda addaa torba balleessee, lafa isaanii kolbaa ifiitiif kenne. \v 20 Wonni kun duudiin gara woggaa dhibba afurii fi shantamaa keessatti teete. \p «Kanaan duuba Waaqi haga bara Saamu'elii raagichaatitti abbootii mura'aa isaaniif kenne. \v 21 Yennaa isaan mootii nu'uuf kenni jedhanee gaafatanetti, Waaqi gosa Beniyaaminii keessaa Saa'olii ilma Qiishii isaaniif kenne; innille woggaa afurtama isaan bulche. \v 22 Saa'ol mootummaa irraa buuseen duuba, Waaqi Daawiti mootii isaanii godhe. Waaqi marroo isaatiif dhugaa bayee, ‹Ani, Daawitii ilma Iseyii nama akka gadhaa kiyyaa, ka fedhii tiyya duudii muummessu dhaggadheera› jedheera. \v 23 Waaqi akkuma waadaa galetti, sanyii namicha kanaa keessaa fayyisaa Yesuus kolbaa Israa'eliitiif fideera. \v 24 Dhufa Yesuusiitiin dura Yohaannis, kolbaan Israa'elii marti cubbuu irraa deebitee akka cuuphantuuf lallabeera.\x - \xo 13:24 \xo*\xt Mar. 1:4; Luq. 3:3\xt*\x* \v 25 Yohaannis tajaajila ifii fixatiisatti adoo jiruu kolba'aan, ‹Isin eennu na seetan? Ani ka isin eegattanu sanii moti. Ammoo ka ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille hin teene, na duubaan dhufaara› jedheen.\x - \xo 13:25 \xo*\xt Mat. 3:11; Mar. 1:7; Luq. 3:16; Yoh. 1:20,27\xt*\x* \p \v 26 «Obboleeyyan tiyya, isin sanyiin Abrahaamiitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqonsitanu duudiin, ergaan fayyinnaa tun nu duudi'iif ergante. \v 27 Kolbaan Yersaalemiitii fi sooressitooti isaaniille Yesuus fayyisaa akka te'e hin beenne; isaan dubbii raagotaa ta Sanbata Sanbataan dubbifantu hubatuu dhabiisaan isatti muranee, dubbiin raagaa akka muummottu godhane. \v 28 Isaan sababa ittiin Yesuus ijjeesisanu dhabanulle, akka inni ijjeefamuuf Philaaxoos gaafatane. \v 29 Waan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif jedhu duudii muummessaneen duuba, muka irratti fannifame irraa gad buusanee awwaalane.\x - \xo 13:29 \xo*\xt Mat. 27:57-61; Mar. 15:42-47; Luq. 23:50-56; Yoh. 19:38-42\xt*\x* \v 30 Waaqi ammoo du'a irraa isa kaase. \v 31 Inni guyyaa hedduu worra isa woliin Galiilaa irraa gara Yerusaalemii dhufanetti mudhate. Amma isaan kolbaa teennaaf dhugaa bayoota.\x - \xo 13:31 \xo*\xt HuE. 1:3\xt*\x* \p \v 32 «Nuuti waan Waaqi abbootii teennaaf waadaa gale Oduu Gammadaa isinitti hinna. \v 33 Inni Yesuus du'aa kaasiisaan waadaa isaaniif gale, nu'u ijoollee isaaniitiif muummesseera. Kunille kitaaba Faaru'uu ka lammeesso'oo keessatti, \q1 « ‹Ati Ilma kiyya; \q2 ani adha si uumadheera› jedhantee barreeffanteerti. \m \v 34 Akka inni du'a irraa isa kaasee fi tortoree hin jirre Waaqi mirkaneessiisaaf, \q1 ‹Ani eebba woyyichaa fi addatamaa, \q2 ka Daawitiif waadaa gale isiniif hin kenna› jedheera. \m \v 35 Tanaaf kitaaba Faaru'uu ka dhibii keessalle'etti, \q1 ‹Ati Woyyichi keeti awwaala keessatti akka tortoru hin lakkittu› jedha. \m \v 36 Daawiti bara ifiititti fedha Waaqaa tajaajilee du'eera; nafi isaalle abbootii isaa biratti awwaalamee tortoreera. \v 37 Ka Waaqi du'a keessaa kaase ammoo, nafi isaa hin tortorre. \v 38 Tanaaf obboleeyyan tiyya, araarri cubbu'uu karaa Yesuusiitiin akka isinii lallabame beeka'a. \v 39 Nami isatti dhugeeffatu duudiin, cubbuu seerri karaa Muuse'eetiin kenname bilisa baasiisaaf hin dandeenne duudii jalaa bilisa baya. \v 40-41 Tanaaf wonni raagoti, \q1 « ‹Ilaala'a, isin worra shasheessitoota! Baaseffadha'a! Bada'a! \q2 Waan eennulle yoo isinitti hime hin dhugeeffanne, \q2 ani bara keessanitti hin huja› jedhantee ta dubbatante, \q2 akka isin irratti hin muummonne ifi eegadha'a» jedhe. \p \v 42 Yennaa Phawuloosii fi Baarnaabaas Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa bayanee deemanu, Sanbata itti aanu dhufanee marroo waan kanaa akka itti himanuuf namooti isaan kadhatane. \v 43 Kolbaan wolde'a Mana Waaqonfannaa Yihudootaa irraa kaateen duuba, Yihudoota heddu'uu fi worri Yihudoota hin te'in ka gara dhugeeffannaa Yihudootaa deebi'ane, Phawuloosii fi Baarnaabaas hordofane. Phawuloosii fi Baarnaabaas isaan haasessanee, badhaadha Waaqaatiin jabaatanee akka jiraatanu isaan gorsane. \p \v 44 Sanbata itti aanu worra qachaa sanii keessaa hedduun Jecha Waaqaa dhage'iisaaf wolitti qabamane. \v 45 Worri Yihudootaa heddummaa namootaa yennaa dhagge, hinaaffa'aan guutamanee, waan Phawuloos jedhu moromanee isa arrassane. \v 46 Phawuloosii fi Baarnaabaas ammoo sodaa malee, «Jechi Waaqaa dursee isiniif himamuu qabaayyu; isin ammoo fudhatuu diddanee, jiruu bara baraatitti galiisaaf worra hin malle eega ifiin jettane, nuuti isin lakkinnee gara worra Yihudoota hin te'inii dhaqaarra. \v 47 Goottaan, \q1 «‹Haga qaccee lafaa duudii fayyinna akka fiddu, \q2 Ani worra Yihudoota hin te'iniif ifa si godheera› jedhee \q2 nu ajajeera» jedhane. \p \v 48 Worri Yihudoota hin te'in tana yennaa dhage'e, gammadee jecha Waaqaalle ulfeesse; worri jiruu bara baraatiif filameeru duudiille dhugeeffate. \p \v 49 Jechi Gootta'aalle adaala biyya sanii maratti babadhatte. \v 50 Yihudooti ammoo, dubartoota dureeyyii ta dhugeeffannaa Yihudootaa hordottuu fi worra gugurdaa qachaa sanii, Phawuloosii fi Baarnaabaas irratti miidhaa akka kaasanu godhanee, adaala biyya sanii keessaa isaan baasane. \v 51 Phawuloosii fi Baarnaabaas tana isaanitti mormiisaaf bukuu miila isaanii dhodhowatanee, gara qachaa Iqoniiyumii deemane.\x - \xo 13:51 \xo*\xt Mat. 10:14; Mar. 6:11; Luq. 9:5; 10:11\xt*\x* \v 52 Dhugeeffattooti qachaa Anxokiya'aa gammadaa fi Ayyaana Woyyichaan guutante. \c 14 \s1 Phawuloosii Fi Baarnaabaas Qachaa Iqoniiyumii Keessatti \p \v 1 Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Iqoniiyumii keessalle'etti gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenanee, akka maltetti waan barsiisaneef, Yihudootii fi Giriikooti hedduun dhugeeffatane. \v 2 Yihudooti hin dhugeeffatin ammoo, worra Yihudoota hin te'in kakkaasanee, dhugeeffattoota akka jibbanu godhane. \v 3 Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas, sodaa malee marroo Gootta'aa dubbataa yennaa hedduu achi turane; Goottaalle akka isaan baasaa fi bilbaasota godhanu hunna isaanii kennee, Jecha badhaadha ifii mirkaneesse. \v 4 Worri qachaa sanii ammoo, gargar qoqoodamee, gariin gara Yihudootaa, gariin gara ergantootaa gorane. \p \v 5 Worri Yihudoota hin te'inii fi Yihudooti, bulchitoota ifii woliin te'anee, Phawuloosii fi Baarnaabaas rakkisiisaa fi dhaka'aan tumiisaaf barbaadane. \v 6 Phawuloosii fi Baarnaabaas yennaa tana beekane, gara qachoota lafa Liqaa'oniya'aa ka Lisxira'aa fi Derbee jedhamanuutii fi biyya adaala sanii baqatane. \v 7 Isaan achitti Oduu Gammadaa lallabane. \s1 Phawuloosii Fi Baarnaabaas Qachaa Lisxira'aa Fi Derbe'eetitti \p \v 8 Qachaa Lisxira'aa keessa namichi miilli isaa naafateeru tokko jiraayyu; inni guyyaa dhalateenuu jalqabee fafa waan te'eef, miila ifiitiin deemee hin beeku. \v 9 Namichi kun achi tee'ee waan Phawuloos jedhu dhage'aa ture. Phawuloos namicha hubatee ilaalee, dhugeeffannaa isa fayyittu akka inni qabu yennaa dhagge, \v 10 «Ka'ii qajeelii, miila keetiin dhaabadhu» jedhee qoonqoo guddo'oon dubbate. Namichille utaalee ka'ee, asii fi achi deemuu jalqabe. \v 11 Gumiin waan Phawuloos godhe yennaa dhaggite, qoonqoo guddo'oon, «Waaqoti namoota fakkaatanee gara keenna gad bu'aneeran» jedhanee afaan Liqaa'oniya'aatiin dubbatane. \v 12 Baarnaabaasii, «Ze'os» jedhanee maqaa mootii waaqota ifiitiin moggaasane; Phawuloos ammoo ka guddoo dubbate waan te'eef, akka ergamaa waaqota ifiititti, «Hermees» jedhanee moggaasane. \v 13 Hayyichi, galma Ze'osii ka qacha'aan ala jiru keessa tajaajilu, korommi'ii fi daraaraa gara karra qacha'aa fidee, kolbaa woliin Phawuloosii fi Baarnaabaasiif ciincaa dhikeessiisaaf barbaade. \v 14 Phawuloosii fi Baarnaabaas waan kana yennaa dhage'ane woyaa ifii tarsaasanee, gara odduu kolba'aa rukkisane; qoonqoo ifiille ol qabatanee, \v 15 «Jarana, isin maaf waan kana gootan? Nuutille namuma akka keessanii ti. Nuuti akka isin waan gatii hin qanne irraa fagaattanee, gara Waaqa jiraataa ol-gubbaa, lafa, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii dadee, akka deebitanu Oduu Gammadaa isiniif lallabaarra. \v 16 Bara dhaloota dabareetitti kolbaan duudiin karaa ifii akka deentu Waaqi isaan lakkiseera. \v 17 Te'uu malee bokkeya ol-gubbaa irraa isiniif kennaa, midhaan yennaa ifiititti akka midhaan buusuu godhaa, sagalee isiniif kennaa, gadhaa keessan gammadaan guutaa, waan dansaa godhiisaan Waaqummaa ifii mudhiseera» jedhane. \v 18 Ergantooti tana mara dubbatanulle, rakkinna jaba'aan ciincaa akka isaaniif hin dhikeessine jara dhooggane. \v 19 Yihudooti ammoo qachoota Anxokiya'aatii fi Iqoniiyumii dhufanee, akka kolbaan yaada isaanii fudhattee Phawuloos irratti kaatu godhanee, dhaka'aan isa tumane; du'eera seyaneelle qachaa keessaa harkisanee gad baasane. \v 20 Te'uu malee yennaa dhugeeffattooti dhufanee isatti naannowanee dhaabbatane, Phawuloos lafaa ka'ee gara qacha'aa ol deebi'e. Boruyyaa Baarnaabaas woliin gara qachaa Derbe'ee dhaqe. \s1 Phawuloosii Fi Baarnaabaas Gara Anxokiya'aa Deebi'ane \p \v 21 Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Derbe'eetitti Oduu Gammadaa lallabanee, namoota hedduu dhugeeffattoota godhaneen duuba, gara qachoota Lisxira'aa, Iqoniiyumii fi Anxokiyaa biyya Phisiidiyaa keessatti dhaggantuu deebi'ane. \v 22 Isaan dhugeeffattoota jajjabeessaa, dhugeeffannaalle'een akka jabaatanu gorsaa, «Gara Mootummaa Waaqaa galiisaaf rakkoo hedduu keessa qaxxaamuruu qanna» jedhane. \v 23 Ergantooti wolde'a kiristaanaa tokko tokkottuu jaarsolee filanee, laamanee daadimataneen duuba, Goottaa itti addatanetti magannee isaan kennatane. \p \v 24 Phawuloosii fi Baarnaabaas biyya Phisiidiyaa keessa dabaranee gara biyya Phamfiliya'aa dhufane. \v 25 Phergeelle'etti Jecha Waaqaa lallabaneen duuba, gara qachaa Ataalii'aatti gad bu'ane. \v 26 Achille'ee gara addee hujii amma muummessane tanaaf, badhaadha Waaqaatiif itti kennamanee, hoboloo gudditti'iin Anxokiya'atti deebi'ane. \p \v 27 Isaan Anxokiyaa yennaa geyane, kolbaa wolde'a kiristaanaa wolitti qabanee, waan Waaqi karaa isaaniitiin godhe duudi'ii fi worra Yihudoota hin te'iniif karaa dhugeeffanna'aa attam akka bane himane. \v 28 Achille'etti dhugeeffattoota woliin yennaa hedduu turane. \c 15 \s1 Yaa'ii Yerusaalemii \p \v 1 Worri gariin biyya Yihuda'aa irraa gara Anxokiya'aa dhufee, «Akka Seerri Muuse'ee ajajutti haqanqabaa yoo qabatane malee, fayyuu hin dandeettanu» jedhaa dhugeeffattoota barsiisuu jalqabe.\x - \xo 15:1 \xo*\xt HuE. 10:1-43\xt*\x* \v 2 Wonni kun akka Phawuloosii fi Baarnaabaas, namoota san woliin falmanuu fi moromanu goote. Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota dhibii ka biyya Anxokiya'aa keessa jiranu garii woliin gara Yerusaalemii dhaqanee, waan kana ergantootaa fi jaarsolee wolde'a kiristaanaa woliin akka ilaalanu murteeffame. \p \v 3 Tanaaf isaan wolde'a kiristaanaatiin ergamanee deemane; isaan Finiiqe'ee fi Samaariyaa keessa taraa, worri Yihudoota hin te'in gara Waaqaa akka deebi'ee fi dhugeeffate himane. Oduun tunille dhugeeffattoota duudii guddoo gammachiitte. \v 4 Yennaa isaan Yerusaalem geyane, wolde'i kiristaanaa, ergantootaa fi jaarsoleen isaan fudhatane; worri ergamelle Waaqi isaan woliin jiraatee waan godhe mara itti himane. \v 5 Golii worra Fariisaayotaa keessaa dhugeeffattooti gariin ammoo ol ka'anee dhaabbatanee, «Worri Yihudoota hin te'in akka haqanqabaa qabatuu fi Seera Muuse'ee akka eegatu godhuun barbaachisa'a» jedhane. \p \v 6 Ergantootaa fi jaarsoleen dubbii tana ilaaliisaaf wolitti qabamane. \v 7 Moromaa heddu'uun duuba Pheexroos ol ka'ee, «Obboleeyyan tiyya, worri Yihudoota hin te'in karaa kiyyaan Oduu Gammadaa dhage'ee akka dhugeeffatuuf, tanaan dura Waaqi isin keessaa akka na file hin beettan. \v 8 Waaqi gadhaa namaa beeku, Ayyaana Woyyicha akkuma nu'uuf kenne, isaanille'eef kennee akka isaan fudhate dhugaa bayeef.\x - \xo 15:8 \xo*\xt HuE. 2:5; 10:44\xt*\x* \v 9 Inni gadhaa isaanii dhugeeffanna'aan waan qulqulleesseef, nu'uu fi isaan wodhakka'atti garaa garummaa hin goone. \v 10 Yoona ba'aa abbootii teennaalle te'e nuuti ba'atiisaaf hin dandeenne, qaacira dhugeeffattootaa irratti feetanee, maaf Waaqa haga ilaaltan? \v 11 Nuutille akkuma isaanii, badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin akka fayyine hin dhugeeffanna» jedhe. \p \v 12 Baarnaabaasii fi Phawuloos baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaaniitiin worra Yihudoota hin te'in oddu'utti huje yennaa dubbatanu, gumiin duudiin cadhi jettee dhageette. \v 13 Isaan dubbatanee fixataneen duuba Yaaqoob deebisee, «Obboleeyyan tiyya, na caqasa'a! \v 14 Waaqi dursee kolbaa maqaa isaatiin waammantu keessaa filatiisaaf, worra Yihudoota hin te'in attam akka ilaale, Simoon nutti himeera. \v 15 Dubbiin raagotaa yaada kana woliin guutumatti wolii galti; kunille akkuma Barreeffam Woyyichi, \q1 \v 16 «‹Kanaan duuba ani hin deebi'a; \q2 mana\f + \fr 15:16\fr*\fqa Mana: \fqa*\ft Mootummaa\ft*\f* Daawitii ka jige hin ijaara; \q2 diigama isaalle deebisee ijaaree, \q2 adde'etti hin deebisa. \q1 \v 17 Worri hafe duudiille gara kiyya akka dhufu, \q2 worri Yihudoota hin te'in \q2 ka ani maqaa kiyyaan waame duudiin kiyya akka te'uuf, \q2 Goottaan tana godhu akkas jedha. \q1 \v 18 Kun duriin jalqabee ka beekkameeru› jedhu. \p \v 19 «Tanaaf akka yaada kiyyaatitti, worra Yihudoota hin te'in ka gara Waaqaa deebi'anu rakkisuu hin qannu. \v 20 Addee akkasii, sagalee waaqotaaf dhikaatiisaan battootte hin nyaatina'a; sagaagala irraa fagaadha'a; foon horii hudhamee du'ee akka hin nyaanne, dhiigalle akka hin nyaanne jennee, isaaniif barreessuu qanna. \v 21 Duriin jalqabee Seerri Muuse'ee sanbata mara Mana Waaqonfannaa Yihudootaatitti dubbifameeraayyu; Jechi isaalle qachaa duudii keessatti lallabama» jedhe. \s1 Xalayaa Dhugeeffattoota Yihudoota Hin Te'iniif Barreeffame \p \v 22 Achiin duuba ergantootaa fi jaarsoleen, wolde'a kiristaanaa duudii woliin kolbaa keessaa worra garii filanee, Phawuloosii fi Baarnaabaas woliin gara Anxokiya'aa ergiisaaf murteeffatane. Isaan namoota lama Yihudaa ka Baarnaabaas jedhamuu fi Siilaas, worra dhugeeffattootaan kabajamane filanee ergane. \v 23 Xalayaan barreeffamee isaanitti kenname ka asii gad jiru: \p «Nu ergantootaa fi jaarsoleen obboleeyyan teessan, isin obboleeyyan teenna dhugeeffattoota Yihudoota hin te'in ka qachaa Anxokiya'aa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiyaa keessa jirtanuuf nageya keenna dhikeessina. \v 24 Nu keessaa worri gariin adoo nuuti isaan hin ajajin, gara keessan dhufanee, dubbii isinitti himaneen akka isin rakkisanee fi yaada keessan raasane dhageenneerra. \v 25 Tanaaf wolitti qabanneen duuba, ifi keessaa namoota foonee, jaalota keenna Baarnaabaasii fi Phawuloos woliin gara keessan ergiisaaf wolii galleerra. \v 26 Baarnaabaasii fi Phawuloos worra jiruu ifii Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiif dabarsee kenneeru. \v 27 Woma nuuti barreessine, afaan isaaniitiin akka isinitti himanuuf, Yihudaa fi Siilaas isinii ergineerra. \v 28 Waan barbaachisaa te'e malee, ba'aa dhibii akka isinitti hin feene, Ayyaana Woyyichaa fi nu'utti dansaa teetee mudhatteerti. Kunille: \v 29 sagalee waaqotaaf dhikaatte hin nyaatina'a; foon horii hudhamee du'ee hin nyaatina'a; dhiiga isaalle hin nyaatina'a; sagaagala irraa fagaadha'a; yoo waan kana duudii irraa ifi eegattane, waan dansaa gootan; nageyaan jiraadha'a.» \p \v 30 Worri ergame ka'anee gara Anxokiya'aa gad bu'ane; achitti wolde'a dhugeeffattootaa wolitti qabanee, xalayaa san itti kennane. \v 31 Dhugeeffattooti yennaa xalayaa dubbisane, ergaa jajjabeessitu saniin guddoo gammadane. \v 32 Yihuda'aa fi Siilaas raagota waan te'aneef, dubbii heddu'uun dhugeeffattoota gorsanee jajjabeessane. \v 33 Yihuda'aa fi Siilaas guyyoota diqqaa achi turaneen duuba, dhugeeffattootaan nageya wolitti dhaamanee, gara worra isaan ergee deebi'ane. [ \v 34 Siilaas ammoo achitti hafiisaaf murteeffate.] \p \v 35 Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota hedduu woliin te'anee, Jecha Gootta'aa barsiisaa, lallabaalle Anxokiyaa keessa turane. \s1 Phawuloosii Fi Baarnaabaas Gargar Bayane \p \v 36 Guyyoota diqqa'aan duuba Phawuloos, Baarnaabaasiin, «Koottu deebinee, qachaa Jecha Waaqaa itti lallanne duudii dhandhee, akka dhugeeffattooti dhugeeffanna'aan jajjabaatanee jiranu ilaalla» jedhe. \v 37 Baarnaabaas ammoo, Yohaannisiin Maarqoos jedhamu isaan faana akka deemu barbaade. \v 38 Phawuloos ammoo, akka nami kun isaan woliin deemu hin eeyyanne; sababille inni Phamfiliya'atti hafee, gara huji'iille isaan woliin hin deenne.\x - \xo 15:38 \xo*\xt 13:13\xt*\x* \v 39 Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas wodhakka'atti wol dhab guddaan ka'ee gargar bayane; Baarnaabaas, Maarqoos ifi faana fudhatee, hoboloo gudditti'iin gara Qophiroosii deeme. \v 40 Phawuloos ammoo, Siilaas filate; dhugeeffattootille badhaadha Gootta'aatitti Phawuloos magannee kennataneen duuba, inni isaan biraa deeme. \v 41 Phawuloos wolde'a kiristaanaa jabeessaa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiya'aa keessa dabare. \c 16 \s1 Ximootewoos Phawuloosii Fi Siilaas Woliin Deeme \p \v 1 Phawuloos gara qachaa Derbe'ee dhaqee, qachaa Lisxira'aatitti dabare. Achi dhugeeffataan Ximootewoos jedhamu tokko jiraayyu. Haati isaa Yihudittii kiristaana teeteertu; abbaan isaa ammoo nama Giriiki'ii ti. \v 2 Ximootewoos dhugeeffattoota qachaa Lisxira'aatii fi Inqoniiyum keessa jiranu duudii biratti gurra dansaa qabaayyu. \v 3 Phawuloos akka Ximootewoos isa faana deemu waan barbaadeef, haqanqabaa isa qabe. Sababille Yihudooti achi jiranu duudiin abbaan Ximootewoosii Giriikii akka te'e waan beekaneef tana godhe. \v 4 Isaan qachoota keessa yennaa dabaranu, murtee ergantootaa fi jaarsoleen Yerusaalem keessatti muraneef dhugeeffattooti akka ajajamanu itti himane. \v 5 Maarre wolde'ooti Kiristaanaa dhugeeffanna'aan jajjabaatanee, guyyuma guyya'aan laakkossaan heddatane. \s1 Phawuloos Namicha Lafa Meqedooniya'aa Yaadaan Dhagge \p \v 6 Phawuloosii fi Siilaas lafa Asiya'aatitti Jecha Waaqaa akka hin lallanne Ayyaanni Woyyichi waan dhooggeef lafa Firiigiya'aatii fi Galaatiya'aa keessa dabaranee deemane. \v 7 Yennaa fuullee lafa Misiyaasii geyane godina lafa Bitaaniya'aa, dhaqiisaaf wodhaanane. Ayyaanni Yesuusii ammoo isaaniif hin eeyyanne. \v 8 Maarre isaan lafa Misiyaasii keessa dabaranee, gara Xiiroosii gad bu'ane. \v 9 Halkan san namichi lafa Meqedooniya'aa tokko dhaabbatee, «Gara lafa Meqedooniya'aa koyiitii nu qarqaar» jedhuun Phawuloos yaadaan dhagge. \v 10 Phawuloos waan kana yaadaan\f + \fr 16:10\fr*\fqa Yaadaan: \fqa*\ft Mudhi'iin\ft*\f* dhaggeen duuba, akka nuuti Oduu Gammadaa kolbaa Maqedooniya'aatiif lallannu, Waaqi akka nu waame waan hubanneef, yoosuma gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf qophoonne. \s1 Liidiyaan Gootta'atti Dhugeeffatte \p \v 11 Qachaa Xiiroosiitii hoboloo gudditti'iin kaanee, adoo asii achi hin gorin gara oddoola Samotiraaqe'ee dhandhee, boruyyaa gara qachaa Ne'apholiisitti dabarre. \v 12 Achille'ee qachaa Filiphisiiyuusii geenne; qachaan Filiphisiiyuusii qachaa guddaa Maqedooniyaa keessatti beekkamu, ka worri Rooma'aa itti qubateeru; achille guyyaa hedduu bubbulle. \v 13 Guyyaa Sanbataa karra qacha'aatiin ala baanee, gara irga lagaa addee Yihudooti daadimataaf wolitti qabamanuu seenee dhandhe; achi teenneelle dubartoota achitti wolitti qabanteertu Jecha Waaqaa barsiinne. \v 14 Dubartoota nu caqasiisatti jirtu keessaa, dubartiin qachaa Tiyaatira'aatii dhutte, ta woyaa dhiillee gatii guddo'oo gurgurtu takka jirtiiyyu; maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Waaqa waaqonsitu; waan Phawuloos jedhu akka caqattuuf, Goottaan qalbii isi'ii bane. \v 15 Isi'ii fi worri mana isi'ii keessa jiru cuuphameen duuba, «Akka ani Gootta'atti dhugeeffadhe ka fudhattanu yoo te'e, mana kiyya kowa'aa tura'a» jettee jabeessitee kadhatte. \s1 Phawuloosii Fi Siilaas Hidhamane \p \v 16 Gaafa tokko gara addee daadimanna'aa adoo deennuu, durrittii garbittii ayyaana hamaa waan gara duraa morsiisu qaddu takkaan woldeenne; isiin moriisaan goottota ifiitiif beesee hedduu galchaa turte. \v 17 Isiin, «Namooti kun tajaajiltoota Waaqa Ol-aana'aa ti! Isaan karaa fayyinnaa isinitti lallaban» jettee iyyaa Phawuloosii fi nu hordotte. \v 18 Isiin guyyaa hedduu itti deddeebisaa kana goote. Phawuloos ammoo aaree itti garagalee ayyaanni sun isii keessaa akka bawuuf, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatu si ajaja» jedhe; ayyaanni sun yoosuma isii keessaa baye. \v 19 Goottoti isi'ii, addiin beesee isaan dhaggatanuu akka irraa hatte yennaa hubatane, Phawuloosii fi Siilaas qabanee harkisaa gara badhinna dikko'oo fidanee, worra baallii qabu dura dhikeessane. \v 20 Qondaaltota worra Rooma'aa duratti isaan fidanee, «Jarri tun Yihudoota; isaan qachaa keenna raasiisatti jiran. \v 21 Isaan aadaa nu worri Rooma'aa fudhatiisaaf yookiin hujiisaaf seeraan ala te'e nu barsiisan» jedhane. \v 22 Gumiin wol qabattee Phawuloosii fi Siilaas miidhiisaaf kaate. \p Achiin duuba qondaaltoti, woyaa Phawuloosiitii fi Siilaasii tarsaattee akka isaan ule'een dikamanu ajajje. \v 23 Akka malee dikamaneen duuba gara mana hidha'aa galchisiisane; achitti jabeessee akka isaan eeguuf, eeddicha mana hidha'aa ajajane. \v 24 Eeddichi ajaja kana fudhateen duuba, kolloo mana hidha'aa ta keessaatitti isaan galchee, miila isaanii jirma ulfaataa lama wodhakka'atti jabeessee hidhe. \p \v 25 Gara halkan wodhakka'aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna'aa fi faaru'uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu. \v 26 Dedhuma haga hundeen mana hidha'aa raafantutti tacho'i lafaa guddaan te'e; balbalti duudiin takkumaan banante; wodaroon sibiilaa namoota hidhamane duudii irraa hiikante. \v 27 Namichi mana hidha'aa eegu hirriibaa dammaqee, balbalti mana hidha'aa bananteertuun yennaa dhagge, worri hidhameeru isa duraa waan miliqeeru seyee, ifi ijjeesiisaaf shallaagaa buqqifate. \v 28 Phawuloos ammoo qoonqoo guddo'oon, «Nu martinuu waan as jirruuf, woy ifi hin godhin» jedhaa itti iyye. \p \v 29 Yennaa kana namichi mana hidha'aa eegu, ifa fichisiifatee gara mana hidha'aa ol seenee, rorommaa miila Phawuloosiitii fi Siilaasititti jige. \v 30 Achiin duuba inni isaan gad yaasee, «Goottota tiyya! Ani fayyiisaaf maan godhuu qaba?» jedhe. \p \v 31 Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane. \v 32 Achiin duuba Jecha Waaqaa isaa fi worra mana isaa keessa jiru duudi'iif himane. \v 33 Halkan saatuma sanitti, namichi mana hidha'aa eegu isaan fuudhee madaa isaanii dhiqe; yoma san innii fi worri mana isaa duudiille cuuphame. \v 34 Kanaan duuba inni Phawuloosii fi Siilaas gara mana ifii geessee, sagalee isaaniif dhikeesse; inni Waaqatti waan dhugeeffateef, innii fi maatiin isaa guddoo gammadane. \p \v 35 Boruyyaa ganama qondaaltoti worra Rooma'aa, «Jara san gad dhiisi!» jedhanee namicha mana hidha'aa eegutti akka himanuuf Poolisoota itti ergane. \p \v 36 Maarre namichi mana hidha'aa eegu, «Qondaaltoti worra Rooma'aa akka isin gad lakkifantanu nutti erganeeran; tanaaf gad baya'aatii nageyaan deema'a» jedhee Phawuloositti hime. \p \v 37 Phawuloos ammoo, «Jarri tun nuuti worra Rooma'aa teenee adoo jirruu, adoo yakkaan nu'utti hin muramin kolbaa duratti nu dhaananee, mana hidha'aatitti nu galchane; amma ammoo dhossa'aan gad nu baasanii? Tun hin teetu! Isaanuu dhufanee nu baasanuu ti» jedhe. \p \v 38 Poolisooti waan kana qondaaltota worra Rooma'aatitti himane; qondaaltoti worra Rooma'aalle Phawuloosii fi Siilaas worra Rooma'aa akka te'ane yennaa dhage'ane sodaatane. \v 39 Tanaaf dhufanee araara isaan gaafatanee, mana hidha'aa keessaa isaan baasane; qachaa keessalle'ee akka bayanuuf kadhatane. \v 40 Phawuloosii fi Siilaasille mana hidha'aa keessaa bayanee, gara mana Liidiya'aa dhaqane. Achitti dhugeeffattoota dhagganee jajjabeessane; achiin duuba ka'anee deemane. \c 17 \s1 Phawuloosii Fi Siilaas Tasalonqe'etti \p \v 1 Phawuloosii fi siilaas qachoota Amfiipholiisiitii fi Apholoniya'aa keessa dabaranee, gara qachaa Tasalonqe'ee dhaqane; achi manni waaqonfannaa Yihudootaa jiraayyu. \v 2 Phawuloos akkuma yennaa mara godhu mana waaqonfannaa Yihudootaa seenee, Sanbata sad marroo Barreeffama Woyyichaa isaan woliin dubbate; \v 3 inni dubbii isaaniif issee himaa Masiihiin rakkatiisaa fi du'aa ka'uu akka qabu mirkaneessee, «Yesuusiin ani isinitti lassu kun Masiihii» jedhe. \v 4 Isaan keessaa gariin, Giriikoota Waaqa waaqonfatanu heddu'uu fi dubartooti beekkamane hedduun dubbii isaa fudhatanee, Phawuloosii fi Siilaas woliin wol qabatane. \p \v 5 Yihudooti ammoo isa hinaafanee, namoota hujii malee karaa irra yaa'anu wolitti qabanee, hammeessanee, nageya booressane; isaan qachaa san duudii raasanee, Phawuloosii fi Siilaas kolbaa duratti gad baasiisaaf mana namicha Yaason jedhamuu cassane. \v 6 Yennaa Phawuloosii fi Siilaas dhabane ammoo, Yaasonii fi dhugeeffattoota garii harkisanee, bulchitoota qacha'aa duratti geessanee, «Worri biyya lafaa duudii rakkise kun, amma gara qachaa keennaalle dhufeera. \v 7 Yaasonille mana ifiititti isaan fudhateera; isaan duudiin, ‹Mootiin dhibiin ka Yesuus jedhamu jira› jedhaa, seera mooticha mootota worra Rooma'aa morman» jedhaa iyyane. \v 8 Gumi'ii fi bulchitooti qachaa sanii waan kana yennaa dhage'ane raafamane. \v 9 Worri bulchitootaa Yaasonii fi worra isa woliin jiranu wobii waansisanee gad lakkisane. \s1 Phawuloosii Fi Siilaas Beriya'atti \p \v 10 Halkanuma san dhugeeffattooti, Phawuloosii fi Siilaas gara qachaa Beeriya'aa ergane. Isaan yennaa achi geyane mana waaqonfannaa Yihudootaa dhaqane. \v 11 Yihudooti Berii'a jiranu worra Tasalonqe'ee caalaa yaada dansaa qaban. Isaan wonni Phawuloos dubbate dhugaa akka teete beekiisaaf, guyyuma guyya'aan fedhii guddo'oon Barreeffama Woyyicha qorqorane. \v 12 Isaan keessaa worri hedduun, Giriikoota keessalle'ee dubartooti beekkamanee fi dhiirti hedduun dhugeeffatane. \v 13 Yihudooti Tasalonqee keessa jiranu ammoo, Phawuloos Jecha Waaqaa qachaa Beriya'aalle'etti akka lallabe yennaa dhage'ane, achille dhaqanee kolbaa hammeessanee nageya booressane. \v 14 Yoosuma dhugeeffattooti Phawuloos gara irga abbaaya'aa ergane; Siilaasii fi Ximootewoos ammoo qachuma Beriya'aatitti hafane. \v 15 Namooti Phawuloos geegessane qachaa Ateena'aatiin isa geyanee, dhaansa Phawuloos, «Siilaasii fi Ximootewoos ariiti'iin gara kiyya dhufanuu ti» jedhe fuudhanee gara qachaa Beeriya'aa deebi'ane. \s1 Phawuloos Ateena'atti Lallabe \p \v 16 Phawuloos qachaa Ateena'aa keessatti Siilaasii fi Ximootewoos adoo eeguu waaqoti qachaa san attam akka guutane yennaa dhagge, gadhaan isaa gubate. \v 17 Maarre inni Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti Yihudootaa fi Giriikoota Waaqa waaqonfatanu, worra addee dikko'ootitti dhaggu wolille'een dudubbate. \v 18 Worra Ephequriyoosii fi Istoyikos jedhamanu keessaa ka waan biyya lafaa qorqoranu isatti falmane; gariin, «Funaantichi kun maan jedhuu barbaada?» jennaan, \p Worri dhibiille waan Phawuloos marroo Yesuusiitii fi du'aa ka'a isaa lallabeef, «Inni marroo waaqota ormaa dubbataara fakkaata» jedhane. \v 19 Maarre isaan Phawuloos qabanee kora gaara Aariyophaagos jedhamuu irratti wolitti qabamu dura geessanee, «Barsiisa haareya ati barsiittu kana maan akka te'e beekuu dandeennaa? \v 20 Wonni ati jettuun dhageenne gariin haareya nutti teeteerti. Tanaaf wonni kun maan akka teete beekuu barbaanna» jedhaneen. \v 21 Worri Ateena'aa duudi'ii fi ormi achi le'u duudiin waan haareya odeessu'uu fi dhage'uu malee, yennaa ifii waan dhibii irratti hin dabarsanu. \v 22 Phawuloos kora mura'aa ka gaara Aariyophaagosii dura dhaabbatee, «Worra Ateena'aa, isin karaa maraanuu namoota dhugeeffanna'aa akka teetane dhaggeera. \v 23 Ani qachaa keessan keessa dabaruun, addee isin Waaqa waaqonfattanu yennaa ilaale, addee ciinca'aa ‹Waaqa hin beekkanneef› jedhamee irratti barreeffame tokko dhaggeera. Yoona ani Waaqa isin adoo hin beekin waaqonfattanu kana, isinitti lallaba. \v 24 Waaqi biyya lafaatii fi waan isii keessa jiru mara dade, Goottaan ol-gubba'aatii fi lafaa, galma harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u. \v 25 Inni nama duudi'iif jiru'uu fi hafuura, waan dhibii maralle ka kennu waan te'eef, wonni isa irraa dhidhatu hin jiru; qarqaarsi namaalle isaaf hin barbaachisu. \v 26 Inni sanyii namaa duudii nama tokko irraa dadee, lafa mara irra akka le'anu godhe; inni bara leetoo isaaniitii fi addee leetoo isaaniille meessaa itti godhe. \v 27 Waaqi akka namooti isa barbaadanee qorqoranee, akka dhagganuuf tana godhe. Te'uu malee Waaqi tokko tokkoo keenna irraa fagoo hin jiru. \v 28 Nuuti isaan jiruu dhagganna; isaan tachoona; isaan leena. Isin keessaa worri weeddisu akkuma jedhu, ‹Nuutille ijoollee isaa ti›. \p \v 29 «Nuuti eega ijoollee Waaqaa teene ‹Waaqi fakkii worqii irraa yookiin meetii irraa yookiin dhakaa irraa hojjatame fakkaata› jennee yaaduu hin qannu. \v 30 Bara durii waan kolbaan wollaalchaan goote, Waaqi itti hin laakkonne; amma ammoo kolbaan addee mara jirtu duudiin, akka cubbuu irraa deebitu ajaja. \v 31 Inni karaa nama filateetiin, biyya lafaa maratti guyyaa itti muru murteesseera; nama filate san du'aa kaasiisaan, waan kana nama maraaf mirkaneesseera» jedhe. \v 32 Phawuloos marroo du'aa ka'iisaa dubbatuun yennaa dhage'ane, worri gariin itti murge; worri dhibiin ammoo, «Nuuti marroo waan kanaa ammalle si irraa hin dhageenna» jedhane. \v 33 Yennaa san Phawuloos kora mura'aa lakkisee deeme. \v 34 Worri gariin ammoo waan inni jedhe gula goree dhugeeffate. Worra dhugeeffate keessaa Diiyoniisiyos ka jedhamu miseensa kora mura'aa Aariyophaagosii ka te'e, akkasuma dubartii Damaariis jedhantu takkaa fi worri dhibiille jiran. \c 18 \s1 Phawuloos Qorontoositti Hojjate \p \v 1 Kanaan duuba Phawuloos qachaa Ateena'aa lakkisee, gara qachaa Qorontoosii dhaqe. \v 2 Achitti Yihudicha biyya Phonxoosiititti dhalate, ka maqaan isaa Aqiilaa jedhamu tokkoon wol dhagge. Kilaawudiiyosiin mootichi worra Rooma'aa, Yihudooti duudiin biyya Rooma'aa keessaa akka bayanu waan ajajeef, Aqiilaan haadha manaa ifii Pharisiqiilaa woliin dhiko'otti biyya Ixaaliya'aatii dhufeeraayyu. Phawuloos isaan dhaggiisaaf dhaqee, \v 3 hujiin isaalle akkuma isaanii dunkaanii\f + \fr 18:3\fr*\fqa Dunkaanii: \fqa*\ft Woyaa akka manaa godhanee hodhane.\ft*\f* hodhuu waan teeteef, isaan bira tee'ee hojjate. \v 4 Sanbata Sanbata Phawuloos Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee, Yihudootaa fi Giriikoota dhugeeffachiisu'uuf wodhaane. \p \v 5 Siilaasii fi Ximootewoos biyya Maqedooniya'aatii yennaa deebi'ane, Phawuloos yennaa ifii mara jecha Waaqaa lallabaa, Yesuus Masiihii akka te'e Yihudootaaf dhugaa baye. \v 6 Yihudooti isa mormanee arrassiinaan, inni bukuu woyaa ifii irraa dhodhowatee, «Dhiigi keessan isinittuu deebi'a; ani itti hin gaafatamu. Ammaa jalqabee gara worra Yihudoota hin te'inii dhaqa» isaaniin jedhe. \v 7 Achiin duuba Phawuloos Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii ka'ee, gara mana namicha Tiitoosii Yusxos jedhamu, ka Waaqa waaqonfatuu dhaqe; manni namicha sanii mana Waaqonfannaa Yihudootaa bira jiraayyu. \v 8 Kiriisphos ka jedhamu bulchaan mana waaqonfannaa Yihudootaa, nama ifii duudii woliin Gootta'atti dhugeeffate; Qorontoos keessalle'ee kolbaan dhibiin hedduun, waan Phawuloos dubbate dhageettee dhugeeffattee, cuuphante. \p \v 9 Goottaan gaafa tokko oojju'uun Phawuloositti dubbatee, «Hin sodaatin; lallabuma lallabi malee, hin cadhisin. \v 10 Ani si woliin jira; ani qachaa kana keessaa kolbaa hedduu waan qabuuf, eennulle si hubiisaaf\f + \fr 18:10\fr*\fqa Hubiisaaf: \fqa*\ft Miidhiisaaf\ft*\f* hin dande'u» jedhe. \v 11 Maarre Phawuloos woggaa tokkoo fi ji'a jaa, Jecha Waaqaa kolbaa barsiisaa ture. \p \v 12 Bara Gaalii'oon bulcha biyya Akaayya'aa te'etti Yihudooti wolii galanee, Phawuloos qabane; isaan gara mana mura'aa isa geessanee, \v 13 «Nami kun karaa seera keenna mormuun, kolbaa sossobaa akka Waaqa Waaqonfattu godha» jedhane. \p \v 14 Phawuloos adoo dubbatiisaaf jedhuu, bulchaan Gaalii'oon Yihudootaan, «Wonni kun yakkaa hantuu yookiin dokonkora hojjatame adoo teete, himata keessan silaa hin dhage'aayyu. \v 15 Ammoo wonni kun marroo moromaa jechootaa, marroo moromaa maqa'aatii fi seera keessanii eega teete, isinuu fixadha'a. Ani waan kana irratti hin muru» jedhee, \v 16 mana mura'aa keessaa isaan ari'e. \v 17 Yennaa kana isaan martinuu, bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa Sostenees qabanee, mana mura'aa duratti tumane. Gaalii'oon ammoo waan kana woyittuu hin laakkonne. \s1 Phawuloos Anxokiya'atti Deebi'e \p \v 18 Phawuloos guyyaa hedduu dhugeeffattoota woliin Qorontoos keessa ture; achiin duuba nageya isaanitti dhaamee, hobolo'oon Phirisqiila'aa fi Aqiilaa woliin gara Sooriya'aa dhaqe; Phawuloos waadaa Waaqaaf gale waan qabuuf, lafa Kanchire'aa jedhantutti mataa ifii haadate. \v 19 Qachaa Efesoonii yennaa geyane, Pharisiqiila'aa fi Aqiilaa achumatti lakkisee, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee Yihudoota woliin dubbate. \v 20 Isaan akka Phawuloos yennaa dheertuu isaan woliin turuuf gaafannaan, inni ammoo hin eeyyanne. \v 21 Ammoo «Yoo fedha Waaqaa teete deebi'ee hin dhufa» jedhee, nageya isaanitti dhaamee hobolo'oon Efesoonii ka'ee deeme. \p \v 22 Inni qachaa Qiisaariya'aa yennaa geye, gara Yerusaalemii dhaqee wolde'a kiristaanaatiif nageya dhikeessee, achiin duuba gara Anxokiya'aa gad bu'e. \v 23 Yennaa diqqoo Anxokiyaa tureen duuba ka'ee, biyya Galaatiya'aatii fi Firiigiya'aa keessa dabaree, deddeemee dhugeeffattoota duudii jajjabeesse. \s1 Apholoos Biyya Efesooniitii Fi Qorontoosii keessatti \p \v 24 Yennaa san Yihudichi Apholoos jedhamu tokko, ka qachaa Iskindriya'atti dhalate gara qachaa Efesoonii dhufe. Inni nama Barreeffama Woyyicha miidhassee beekuu fi nama dandeettii dubbi'ii qabu. \v 25 Inni nama karaa Gootta'aa baratee fi gammada gudda'aan marroo Yesuusii sirri'itti lallabee barsiise. Te'uu malee inni cuuphaa Yohaannisii callaa beeka. \v 26 Inni sodaa malee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti dubbatiisa jalqabe. Pharisiqiila'aa fi Aqiilaan dubbii isaa yennaa dhage'ane, gara mana ifii isa fudhatanee marroo karaa Gootta'aa caalchisane sirri'itti itti himane. \v 27 Apholoos gara Akaayya'aa deemiisaaf yennaa barbaade, dhugeeffattooti Efesoon keessaa isa jajjabeessanee, dhugeeffattooti Akaayyaa keessaa akka isa fudhatanuuf xalayaa barreessaneef. Inni yennaa achi geye, worra badhaadha Waaqaatiin dhugeeffattoota te'aneef qarqaarsa te'e. \v 28 Inni Yesuus Masiihii akka te'e Barreeffama Woyyicha keessaa isaaniif mirkaneessaa, kolbaa duratti Yihudoota mormi'iin injifate. \c 19 \s1 Phawuloos Efesoon Keessatti \p \v 1 Apholoos Qorontoos keessa adoo jiruu, Phawuloos biyya koobittii olii keessa dabaree, gara Efesoonii dhufe; achitti dhugeeffattoota garii dhaggee, \v 2 «Isin yennaa dhugeeffattane Ayyaana Woyyicha fudhattaneertanii?» jedhee isaan gaafate. \p Isaan deebisanee «Hin fudhanne; akka Ayyaanni Woyyichi jiruuyyu nuuti hin dhageenne» jedhane. \p \v 3 Phawuloos, «Maarre cuuphaa attamii fudhattane ree?» jedhe. \p Isaan deebisanee, «Cuuphaa Yohaannisii ti» jedhane. \v 4 Phawuloos, «Cuuphaan Yohaannisii ka cubbuu irraa deebi'iisaa ti; Yohaannisinuu ka isaan duuba dhufu, Yesuusitti akka dhugeeffatanu kolbaa Israa'eliititti himeera» jedhe. \v 5 Isaan yennaa tana dhage'ane, maqaa Goottaa Yesuusiitiin cuuphamane. \v 6 Yennaa Phawuloos harka ifii isaan irra keye, Ayyaanni Woyyichi isaan irra bu'e; isaan afaan haareya hin beekkanneen dubbatanee, raagalle raagane. \v 7 Isaan wolumatti gara nama kudhanii lamaa ti. \p \v 8 Phawuloos gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee, sodaa malee haga ji'a sadii kolbaa woliin dubbatee, marroo mootummaa Waaqaa isaan hubachiisaa ture. \v 9 Isaan keessaa gariin ammoo mataa jabaatanee, marroo karaa Gootta'aa nama duratti waan hantuu jedhaa, dhugeeffatiisa didane. Maarre Phawuloos isaan lakkisee, dhugeeffattoota qofitti fuudhee, guyyuma guyya'aan mana barumsa Xiraanosii keessatti woliin dudubbataa ture. \v 10 Tun haga woggaa lamaa waan teeteef, kolbaan biyya Asiya'aa keessa jirtu duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in Jecha Gootta'aa dhage'ane. \s1 Ilmaan Iskoyaasii \p \v 11 Waaqi bilbaasa te'ee hin beenne karaa Phawuloosiitiin hujiisatti jiraayyu. \v 12 Kanaaf woyaa nafa Phawuloosii tuxxee fi hoccuu inni danfaan haxowatu fuudhanee, worra dhibame yennaa tuqisiisane, worri dhibame fayye; ayyaanni hamaalle keessaa baye. \v 13 Yihudooti asii fi achi deddeemaa ayyaanota hamaa namoota keessaa baasanu, «Maqaa Yesuusii Phawuloos lallabuutiin akka baatanu isin ajanya» jedhaa, ayyaanota san baasiisaaf wodhaanane. \v 14 Ilmaan Iskoyaasii hayyicha Guddaa Yihudootaa torba tana godhaa turte. \p \v 15 Ayyaanni hamaan ammoo, «Ani Yesuus hin beeka; Phawuloosille hin beeka; isin ammoo eennu?» isaaniin jedhe. \p \v 16 Namichi ayyaanni hamaan qabeeru isaanitti utaalee, isaan duudii injifate; isaanille mammadowanee woyaan irraa tarsaateertuun mana sanii baqatane. \v 17 Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in ka Efesoon keessa jiranu duudiin, waan kana dhage'anee sodaatane; maqaan Goottaa Yesuusiille ulfinna guddaa dhaggate. \v 18 Dhugeeffattoota keessaa worri hedduun dhufanee, cubbuu ifii mudhi'itti himatane. \v 19 Worri Xanoo huju hedduun kitaabota ifii wolitti qabanee, kolbaa duratti gubane. Gatiin kitaabota sanii hedaan gara meetii kuma shantamaa hin geya. \v 20 Karaa hunnaamessa kanaan dubbiin Gootta'aa badhataa, guddataa deente. \s1 Hogaa Efesoon Keessatti Ka'e \p \v 21 Wonni kun marti teeteen duuba, Phawuloos biyya Maqedooniya'aatii fi Akaaya'aa keessa dabaree, gara Yerusaalemii dhaqiisaaf murteeffate; inni, «Ani achi dhaqeen duuba, biyya Rooma'aalle ilaaluu qaba» jedhe. \v 22 Maarre inni qarqaartota ifii keessaa lamaan Ximootewoosii fi Eraasxoos gara Maqedooniya'aa ergee, inni haga diqqaa lafa Asiya'aa keessa ture. \p \v 23 Yennaa san qachaa Efesoonii keessatti sababa karaa Gootta'aatiif hogaan guddaan ka'e. \v 24 Namichi meetii baqisiisuu ka maqaan isaa Demeexroos jedhamu tokko, fakkii waaqota galma Arxemiisii hujee, worra meetii baqisiisuuf bu'aa guddaa galchaa ture. \v 25 Maarre inni worra meetii baqisiisuu fi worra akkuma isaanii hujulle wolitti qabee, «Jarana, nuuti karra ka dhaggannu hujii tanaan akka teete hin beettan. \v 26 Namichi Phawuloos jedhamu kun Efesoon keessa calla'atti adoo hin te'in, lafa Asiya'aa duudii keessatti, waaqi harkaan hujamu ijjumaa waaqaa moti jedhaa, kolbaa hedduu sossobee akka dhugeeffachiise, isinuu dhaggitanee dhageettaneertan. \v 27 Akka kanaan hujiin teenna hin tuffatanti; tana qofa adoo hin te'in galmi Arxemiisii waaqittii gudditti'ii ka Asiya'aa fi biyyi lafaa duudiin waaqonfattu gatii dhabee hafaara; guddinni isi'iille badaara» isaaniin jedhe. \p \v 28 Isaan yennaa tana dhage'ane guddoo aaranee, «Arxemiisiin worra Efesoonii gudditti'i!» jedhaa iyyane. \v 29 Yoosuma hogaan qachaa duudii keessatti ka'e. Worri hogisu jara lamaan Maqedooniya'aa worra Phawuloos woliin deemaa ture Gaayosii fi Arisxaarkos qabanee harkisanee, gara addee tapha itti mudhisanu rukkisane. \v 30 Phawuloos gumii dura bayee dhaabbatiisaaf barbaadee, dhugeeffattooti ammoo isa dhooggite. \v 31 Bulchitooti lafa Asiya'aa gariin ka lansa Phawuloosii te'ane, akka inni addee tapha itti mudhisanuu hin dhandhe, itti erganee kadhatane. \v 32 Gumii wodhakka'atti hogaan guddaan waan jiruuf, tokko waan tokko jedhaa yoo hogisu, kuun waan dhibii jedhaa hogisaaraayyu; hedduun isaaniille maaf akka wolitti qabamane hin beekanuuyyu. \v 33 Yihudooti gariin namicha Iskindir jedhamu kolbaa duratti darbanee baasane; kolbaa keessaa gariin akka inni isaaniif falmatu itti himane. Iskindirille akka kolbaan cadhittu harka ifiitiin beessisee, dubbii falmataa dubbatiisaaf qophowe. \v 34 Isaan ammoo akka inni Yihudii te'e yennaa beekane, «Arxemiisiin Efesoonii gudditti'ii» jedhaa isaan martinuu haga saatii lama iyyane. \p \v 35 Barreessaan qachaa sanii gumii cadhisiisee, «Worra Efesoonii! Worri qachaa Efesoonii galma Arxemiisii gudditti'iitii fi fakkii dhakaa isi'ii ka ol-gubba'aa bu'e akka eeganu, nami hin beenne jiraa? \v 36 Waan kana nami mormu tokkolle waan hin jirreef, cadhisa'a malee waan tokkolle godhiisaaf hin jajjarina'a. \v 37 Isin adoo jarri tun meya galmaa hin saamin yookiin waaqota keennalle adoo hin faanshessin as fiddaneertan. \v 38 Demeexroosii fi worri meetii baqisiisu ka isa woliin jiru, waan ittiin nama himatanu yoo qabaatane, guyyaan mura'aa jira; worri muraa kennulle jira; achitti wol falmanuu ti. \v 39 Tana malee, wonni isin barbaaddanu yoo jiraatte ammoo, kora mura'aa ka qacha'aatiin ilaallama. \v 40 Waan adha te'e kanaaf, hogaa kaattaneertan jedhannee himatamuu hin dhannu; hogaan kun sababa maaniitiin ka'e jedhane yoo nu gaafatane, waan deebinnu hin qannu» jedhe. \v 41 Tana dubbateen duuba, wol geyin akka deentu godhe. \c 20 \s1 Phawuloos Biyya Maqedooniya'aatii Fi Giriikii Dhaqe \p \v 1 Hogaan qabbanoween duuba, Phawuloos dhugeeffattoota duudii waamee, jajjabeessee, nageya itti dhaamee, isaan lakkisee gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf ka'e. \v 2 Inni lafa keessa dabaretti dhugeeffattoota gorsa heddu'uun jajjabeessaa, gara biyya Giriikii deemee, \v 3 ji'a sad achi ture. Inni hobolo'oon Sooriyaa dhaqiisaaf adoo qophowuu, worri Yihudootaa akka mala itti dhowe yennaa beeke, karaa Maqedooniya'aatiin deebi'iisaaf murteeffate. \v 4 Sophaaxros ilmi Phiirosii nami biyya Beeriya'aa, Arisxaarkosii fi Sekundos nami biyya Tasalonqe'ee, Gaayos nami biyya Derbe'ee, Ximootewoos, Xikiqoosii fi Xirofimoos nami biyya Asiya'aa, Phawuloos woliin deemane. \v 5 Jarri tun nuun dura dhaxxee Xiro'aasitti nu eedde. \v 6 Nuuti ammoo guyyaan Jila Daabboo Uukoo hin qanne dabareen duuba, Filiphisiiyuusii irraa hobolo'oon kaanee, guyyaa shaniin duuba isaaniin wol dhagginee, torbaan tokko achi turre. \s1 Phawuloos Xiro'aasitti Dheeressee Lallabe \p \v 7 Torbaan keessaa guyyaa qaraa, daabboo caccaffatiisaaf wolitti qabannee adoo jirruu, Phawuloos boruyyaa deemiisaaf waan yaadeef, dubbii ifii dheeressee haga halkan wodhakka'aa kolba'atti dubbate. \v 8 Addee nuuti wolitti qabanne kolloo mana mana gubba'aa keessa ifi hedduun jiraayyu. \v 9 Dargaggeessi Oyxikoos jedhamu tokko foddaa\f + \fr 20:9\fr*\fqa Foddaa: \fqa*\ft Ifaa fi qilleensa fudhatiisaaf qowa mana uranee baasanu, ka cufanaa diqqaa qabu\ft*\f* irra tee'eeraayyu; Phawuloos haasowa dheeressinaan, mugee dunquuqqayee, mana mana gubba'aatiin gubba'aa irraa bu'e; yennaa isaan ol isa fuudhane, inni du'eera. \v 10 Phawuloos ammoo gad bu'ee, gad itti jedhee hanqafatee, «Hin rifatina'a! Lubbuun isaa keessaa jirti» jedhe. \v 11 Achiin duuba inni gara mana mana gubba'aatitti ol deebi'ee, daabboo cassee nyaate; haga latti bariitu isaan woliin dubbateen duuba deeme. \v 12 Isaan Dargaggeessa jiraataa te'e san gara manaa geessanee, guddoo jajjabaatane. \s1 Phawuloos Xiro'aas Irraa Gara Miilexoosii Dhaqe \p \v 13 Phawuloos karaa lafa irraa qachaa Asosii dhaqiisaaf waan yaadateef, nuuti isaan dura qachaa Asosii dhandhee, hoboloo akka isa yaabbachiinnu waan nu ajajeef, tana goone. \v 14 Asositti wol dhagginee, isa fudhannee hobolo'oon qachaa Mixileene'eetitti dabarre. \v 15 Boruyyaa hobolo'oon achii kaanee, oddoola Kiiyosii bira geenne. Guyyaa itti aanulle oddoola Saamosii dhandhee, boruyyaa qachaa Miilexoosii geenne. \v 16 Phawuloos kutaa biyya Asiya'aa keessatti turuu waan hin barbaadiniif, gara Efesoonii goruu lakkisee, hobolo'oon dabaru'uuf murteeffate. Yoo dande'ante guyyaa jila shantameesso'oo ta «Phenxeqosxee» jedhantu Yerusaalem geyiisaaf ariifateeraayyu. \s1 Phawuloos Jaarsolee Wolde'a Efesooniititti Nageya Dhaame \p \v 17 Phawuloos qachaa Miilexoosii irraa gara Efesoonii nama ergee, Jaarsolee wolde'a Efesoonii gara ifii waansise. \v 18 Isaan gara isaa yennaa dhufane, inni isaaniin, «Ani guyyaa qara lafa Asiya'aa dhufeen jalqabee, yennaa duudii attam akka isin woliin jiraadhe isinuu hin beettan. \v 19 Yihudooti mala natti dhowanee rakkadhulle, ani waan duudi'iin ifi gad qabee, imimmaaniin Goottaa tajaajile. \v 20 Waan isiniif te'u mara adoo hin hamburin, wolde'aa fi mana keessan irra deemaa, lallabee akka barsiise isin hin beettan. \v 21 Cubbuu irraa gara Waaqaatitti deebi'anee, Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffatanu, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'iniif ani dhugaa bayeera. \v 22 Amma kunoo achitti waan natti dhufu adoo hin beekin, akeettii Ayyaana Woyyichaatiin Yerusaalem dhaqaara. \v 23 Qachaa ani gewu duudii keessatti hidha'aa fi miidhaan akka ana eegattu, Ayyaanni Woyyichi natti himeera. \v 24 Te'uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus natti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittuu hin laakkowu.\x - \xo 20:24 \xo*\xt 2 Xim. 4:7\xt*\x* \p \v 25 «Ani odduu teessan deddeebi'ee, marroo mootummaa Waaqaa lallabeera; amma ammoo, nami tokkolle deebi'ee akka na hin dhaggine hin beeka. \v 26 Tanaaf isin keessaa nami tokko yoo bade, akka ani itti hin gaafatanne adha isinitti hima. \v 27 Sababille ani fedhii Waaqaa duudii isinitti himeera malee, waan isin irraa hambure hin qabu. \v 28 Maarre ifii fi hoolee Waaqaa akka isin eeddanuuf isinitti kennantelle'eef ifi eegadha'a; wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa, ka inni dhiiga ilma ifiitiin ka ifii godhate tissa'a. \v 29 Ani deemeen duuba, worri akka yayyi'ii odduu teessan akka seenanu ani hin beeka. \v 30 Yennaan namooti gariin isinuma keessaa, dhugaa dassanee dhugeeffattoota ifi hordofachiisanu hin dhutti. \v 31 Tanaaf dammaqa'a! Ani woggaa sad halkanii fi guyyaa adoo gargar hin kutin imimmaaniin, tokko tokkoo keessan akka gorse qaabadha'a. \p \v 32 «Amma ani eeddoo Waaqaatitti, badhaadha ergaa isaa ka isin ijaariisa dande'uu fi eebba Waaqi kolbaa ifii duudi'iif kennutti, isin kenneera. \v 33 Ani meetii, worqii yookiin uffana eennulle hin kajeelle. \v 34 Anaa fi worra na woliin jiruuf waan barbaachisu maraa dhaggatiisaaf harka kiyyaan akka huje isinuu hin beettan. \v 35 Jecha Goottaa Yesuusii, ‹Ka fudhatu caalaa ka kennu ka eebbifame› jedhe qaabatiisaan, harka keennaan hujaa, hiyyeeyyii qarqaaruu akka malle ani isinitti mudhiseera» jedhe. \p \v 36 Phawuloos tana dubbatee fixeen duuba, isaan woliin jilbiiffatee daadimate. \v 37 Isaan duudiin bowaa morma isaatitti maratanee sunqatane. \v 38 Keessattuu inni isaaniin, haganaa achii deebitanee na hin dhaggitanu waan jedheef guddoo gaddane; achiin duuba isaan haga hobolo'oo isa woliin deemane. \c 21 \s1 Phawuloos Yerusaalem Dhaqe \p \v 1 Nuuti nageya isaanitti dhaannee karaa irraa adoo hin gorin hobolo'oon, gara oddoola Qosii deenne; boruyyaa oddoola Roodoosii geenne; achiin duuba gara qachaa phaaxara'aa dhandhe. \v 2 Achitti hoboloo gara Finiiqe'ee deentu dhagginee, yaabbannee ittiin deenne. \v 3 Nuuti Qophiroos ifiin duratti dhagginee, bitaa keennatti lakkinnee Sooriya'atti dabarree, gara Xiiroosii addee hoboloon guddittiin ba'aa itti buufattu dhandhe. \v 4 Dhugeeffattoota achi jiranu barbaannee dhagginee, torbaan tokko isaan woliin turre. Isaan Ayyaana Woyyichaan sooreffamanee, akka Phawuloos gara Yerusaalemii hin dhandhe itti himane. \v 5 Yennaan nuuti isaan biraa deennu geennaan, isaan biraa kaanee deenne. Isaan duudiin haadha manaatii fi ijoollee ifii woliin haga qachaa keessaa baanutti nu geegessane. Nuuti duudiille irga abbaaya'aa jilbiiffannee daadimanne. \v 6 Achiin duuba nageya wolitti dhaannee, hoboloo guddittii yaabbannee, isaan gara mana ifii deebi'ane. \p \v 7 Xiiroosii kaanee, qachaa Phitolemeesii geennee, dhugeeffattoota nageya fuunee, guyyaa tokko isaan woliin oolle. \v 8 Boruyyaa achii kaanee qachaa Qiisaariya'aa geennee, namoota torba ka ergantoota qarqaariisaaf filamane keessaa tokko ka te'e, gara mana Filiphoosii lallabaa Wongeelaa dhandhee, isa bira bubbulle.\x - \xo 21:8 \xo*\xt HuE. 6:5; 8:5\xt*\x* \v 9 Inni durra afur ta kennaa raaga dubbatiisaa qaddu qabaayyu. \v 10 Nuuti guyyaa hedduu Qiisaariyaa bubbulleen duuba, raagichi Agaabos jedhamu tokko biyya Yihuda'aatii dhufe. \v 11 Inni gara keenna dhikaatee, hiituu Phawuloos ittiin hidhatu fuudhee, miilaa fi harka ifii hidhee, «Yihudooti Yerusaalem keessa jiranu, abbaa hiituu tanaa, akkana hidhanee worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee akka kennanu, Ayyaanni Woyyichi dubbata» jedhe. \p \v 12 Tana yennaa dhageenne, nuutii fi kolbaan achi jirtu, akka Phawuloos gara Yerusaalemii hin dhandhe kadhanne. \v 13 Inni ammoo deebisee, «Maaf boottanee, guddoo na gaddisiittan? Ani hidhamuu qofa adoo hin ite'in, marroo maqaa Goottaa Yesuusiitiif Yerusaalem keessatti du'iisaafille qophoweera» jedhe. \v 14 Inni gorsa keenna dhage'uu dhannaan, «Fedha Gootta'aa te'uu ti» jennee lakkinne. \p \v 15 Guyyoota diqqaa achi tureen duuba, qophoonnee gara Yerusaalemii ol baane. \v 16 Dhugeeffattooti Qiisaariyaa keessa jiranu gariin, nu woliin dhufanee, dhugeeffattoota qaraa keessaa tokko ka te'e, gara mana Minaasonii nama Qophiroosii akka turru nu geessane. \s1 Phawuloos Yerusaalem Geye \p \v 17 Nuuti Yerusaalem yennaa geenne, dhugeeffattooti gammadaan nu fudhatte. \v 18 Boruyyaa Phawuloos nu woliin gara Yaaqoobii ilaaliisaaf dhaqe; jaarsoleen wolde'a kiristaanaa duudiille achi jirtiiyyu. \v 19 Phawuloos nageya isaan fuudheen duuba, waan Waaqi worra Yihudoota hin te'in oddu'utti karaa isaatiin godhe duudii, tokko tokkoon tarre'etti galchee itti hime. \v 20 Yennaa waan kana dhage'ane, isaan martinuu Waaqa leellifatane. Achiin duuba Phawuloosiin, «Ilaa obboleessa! Yihudooti kuma heddu'utti laakkowamanu akka dhugeeffatanee fi isaan duudiin seera Waaqaatiif hinaattolee akka te'ane hin dhaggita. \v 21 Yihudooti biyya worra Yihudootaa hin te'in keessa le'anu duudiin, ijoollee ifii haqanqabaa akka hin qanne yookiin aadaa akka hin muummessine barsiisiisaan Seera Muuse'ee akka diiganu godhuun keeti isaanitti himameera.\x - \xo 21:21 \xo*\xt HuE. 11:28\xt*\x* \v 22 Isaan akka ati dhutte hin dhage'an; yoona maan godhuu woyya ree? \v 23 Amma waan nuuti sitti hinnu godhi! Nu keessa namooti afur ka woreega qabanu jiran. \v 24 Isaan fuudhii dhaqiitii, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulleessi; mataa ifiille akka haadatanu, gatii isaan ittiin ifi qulleessanu kaffaliif. Akka kanaan wonni si irratti odeeffame duudiin dhara akka teetee fi atille nama Seera Muuse'eetiif ajajamu akka teete hin beekan. \v 25 Worra Yihudoota hin te'in keessaa worri dhugeeffate ammoo, sagalee waaqota dharaatiif dhikaatiisaan battootte, dhiigaa fi horii hudhamee du'e akka hin nyaanne, gaarayyeeffatiisa irralle'ee akka ifi eegattanu, ka jedhu xalayaa murtee teennaa barreessinee isaaniif ergineerra» jedhane.\x - \xo 21:25 \xo*\xt HuE. 21:25\xt*\x* \p \v 26 Maarre Phawuloos boruyyaa ganama namoota san fuudhee, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulqulleesse; achiin duuba guyyaan qulqulloomiisa isaanii yoom akka muummeffamuu fi tokko tokkoo isaaniitiifuu, ciincaan guyyaa kamitti akka dhikaatu beessisiisaaf gara Galma Waaqaa seene. \s1 Phawuloos Qabame \p \v 27 Guyyaan torba muummowuu geennaan, Yihudooti gariin ka lafa Asiya'aatii dhufane, Phawuloos Galma Waaqaa keessatti yennaa dhaggane, gumii duudii itti kakkaasanee, isa qabanee, \v 28 «Kolbaa Israa'elii, nu qarqaara'a! Nama keenna, Seera Muuse'eetii fi Galma kana irratti waan badduu dubbataa, addee mara dhaqaa nama duudii ka barsiisaaru nama kana. Ammumaayyuu worra Yihudoota hin te'in, gara Galma Waaqaa fidee, addee woyyittii tana batteesseera» jedhaa iyyane. \v 29 Isaan tanaan qara Xirofimoosii nama biyya Efesoonii isa woliin qachaa keessatti waan dhagganeef, Phawuloos gara Galma Waaqaa waan isa fidee seeneen seyanee, tana jedhane.\x - \xo 21:29 \xo*\xt HuE. 20:4\xt*\x* \p \v 30 Qachaan sun guutumatti raafame; kolbaalle rukkisaa dhuttee, Phawuloos qaddee Galma Waaqaa keessaa harkittee baatte; balbalti Galma Waaqaalle yoosuma cufante. \v 31 Namooti isa ijjeesiisaaf adoo wodhaananuu, «Qachaan Yerusaalemii guutumatti raafameera» oduun jettu, ajajaa woraana Rooma'aa dhaqqadde. \v 32 Tanaaf inni loltootaa fi qondaaltotaa fudhatee, rukkisaa gara kolba'aa dhaqe; kolbaalle yennaa isaa fi loltoota isaa dhaggite, Phawuloos dikuu lakkitte. \v 33 Ajajaan kumaa Phawuloositti dhikaatee, isa qabee wodaroo sibiilaa lamaan akka hidhamu ajaje. Achiin duuba inni, «Namichi kun eennu? Inni maan balleesse?» jedhee gaafate. \v 34 Gumii san keessaa worri gariin waan tokko, kuun waan dhibii jedhane. Ajajaan kumaa hogaa kolba'aatiifuu, waan sirrii te'e beekiisa waan hin dandeenneef, akka loltooti gara addee quttuma loltootaa isa geessituuf ajaje. \v 35 Phawuloos yaabbannoo bira yennaa geye, kolbaan marti isatti aartee, balaa itti buusiisa waan barbaaddeef, loltooti isa ba'attee deente. \v 36 Kolbaan isaan gula deentu duudiin, «Ijjeefamuu ti!» jedhaa iyyite. \s1 Phawuloos Falmate \p \v 37 Loltooti gara addee quttii loltoota ifiititti, Phawuloos seensisiisaaf yennaa dhikaatane, inni ajajaa woraana Rooma'aatiin, «Wo dubbadhuu?» jedhe. \p Ajajaalle, «Afaan Giriikii beettaa? \v 38 Ati Gibxicha tanaan qara nageya booressee, namoota kuma afur ka lubbuu namaa ijjeesane fuudhee, gara goomole'ee geessee motii?» jedheen. \p \v 39 Phawuloos deebisee, «Ani Yihudicha, qachaa Xarseesii beekkantuu biyya Qiliiqiya'aa keessatti dhaladhe; maganne'ee kolba'atti dubbadhuu?» jedheen. \p \v 40 Yennaa ajajaan woraana Rooma'aa eeyyameef, Phawuloos yaabbannoo irra dhaabbatee, akka kolbaan cadhittu harkaan beessise; yennaa kolbaan cadhitte, afaan worra Yihudootaatiin isaanitti dubbatuu jalqabe. \c 22 \s1 Falmata Phawuloosii \p \v 1 «Obboleeyyanii fi abbootii tiyya! Amma falmata ani isinitti dhikeeffadhu kana naaf dhage'a'a!» jedhe. \v 2 Inni afaan Yihudootaatiin dubbatuun yennaa dhage'ane, irra caalaa cadhisane. \p Achiin duuba Phawuloos: \v 3 «Ani Yihudi'i; qachaa Xarseesii biyya Qiliiqiyaa keessaatitti dhaladhee, qachaa Yerusaalemiititti guddadhe. Ka na barsiiselle Gamaali'el; ani Seera abbootii teennaa akka maltetti ka baradhee fi akkuma isin adhaa gootanu, anille Waaqaaf hinaafeeraayyu.\x - \xo 22:3 \xo*\xt HuE. 5:34-39\xt*\x* \v 4 Ani namoota dhugeeffannaa kiristaanaa hordofanu haga du'aatitti miidhaa irra geessiseera; dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidha'aatitti galcheera. \v 5 Tun dhugaa akka teete hayyicha gudda'aa fi korri mura'aa duudiin dhugaa naaf hin bayan. Ani xalayaa eeyyamaa ka gara bulchitoota Yihudoota Damaasqoo jiranutti barreeffame isaanuma irraa fudhadhee, jara achi jirtu qabee adabiisaaf, Damaasqoo dhaqe.\x - \xo 22:5 \xo*\xt HuE. 8:3; 26:9-11\xt*\x* \p \v 6 «Karaa gubbaa adoo jiruu Damaasqo'otti yennaa dhikaadhe, gara saatii jaatitti dedhuma ifi guddaan gubbaa irraa adaala kiyyatti balaqqise. \v 7 Ani lafatti jigee qoonqoo, ‹Saa'ol, Saa'ol! Maaf na miita?› jettu dhage'e. \v 8 Anille, ‹Eennu ati Gootta'a?› jedhee gaafadhe. Inni deebisee, ‹Ani Yesuusii Naaziretii, ka ati miitu› jedhe. \v 9 Namooti na woliin jiranu ifa dhaggane; ammoo qoonqoo natti dubbattu san hin dhageenne. \v 10 Ani, ‹Maan godhu Gootta'a?› jedhee gaafadhe. Goottaalle, ‹Ka'iitii, gara Damaasqo'oo deem; akka ati gootuuf waan Waaqi murteesse mara, achitti sitti himama› anaan jedhe. \v 11 Balaqqeettii ifaa irraa ka ka'e, ilti tiyya dhaggaa waan dadhaddeef, worri na woliin jiru harka na qabee, gara qachaa Damaasqo'oo na geesse. \p \v 12 «Qachaa san keessa namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko, ka Seera Muuse'ee eegatuu fi Yihudoota Damaasqoo jiranu duudii biralle'etti, ka ulfeeffame tokko jiraayyu. \v 13 Inni gara kiyya dhufee, na bira dhaabbatee, ‹Obboleessa kiyya Saa'ol, ilti teeti deebitee sii dhaggitu!› jedhe. Yoosuma ilti tiyya banantee, isa dhagge. \v 14 Achiin duuba inni, ‹Waaqi abbootii teennaa, akka ati fedha isaa beettu, tajaajilaa isaa balchaa akka dhaggituu fi afaanuma isaatiin dubbatuun akka dhageettu, si filateera. \v 15 Ati waan dhageettee fi dhaggite, nama duudi'iif dhugaa akka baatuuf, inni tana godhe. \v 16 Amma maan eedda ree? Ol ka'iitii, maqaa isaa waamaa cuuphamiitii, cubbuu teeti dhiqadhu› anaan jedhe. \s1 Phawuloos Gara Worra Yihudoota Hin te'inii Ergame \p \v 17 «Ani gara Yerusaalemii deebi'ee, Galma Waaqaa keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, mudhii dhagge. \v 18 Mudhii san keessatti Goottaa dhagge. Inni anaan, ‹Kolbaan asii dhugaa ati naaf baatu waan hin fudhanneef, dafiitii ariifadhuu Yerusaalem keessaa bayi› jedhe. \v 19 Ani deebisee, ‹Gootta'a, akka ani Mana Waaqonfannaa Yihudootaa duudii dhaqee, worra si'itti dhugeeffate qabee tume, isaanuu hin beekan. \v 20 Yennaa Isxifanosiin dhugaa bayaan keeti ijjeefame, aninuu achi dhaabbadhee, ijjeefamuu isaatitti wolii galee, woyaa worra isa ijjeesuu eegiisatti jiraayyu› jedhe.\x - \xo 22:20 \xo*\xt HuE. 7:58\xt*\x* \v 21 Goottaan anaan, ‹Ani fagoo gara worra Yihudoota hin te'inii waan si ergeef beenu› anaan jedhe» jedhee isaanitti hime. \p \v 22 Gumiin haga Phawuloos tana dubbatu isa dhageette; duuba irra ammoo, qoonqoo ol qabattee, «Nami akkasii lafa irraa baduu ti! Inni jiraatuu hin qabu!» jedhaa iyyite. \v 23 Isaan iyyaa, woyaa ifii gatanee, aarii guddoo mudhisiisaaf bukuu gara ol-gubba'aa facaasane. \v 24 Ajajaan woraana Rooma'aa, Phawuloos qabanee addee quttii loltoota woraanaa akka geessanuu fi kolbaan maaf akka itti iyyitu, dikamaa akka qoratamuu ajaje. \v 25 Yennaa isaan isa dikiisaaf teephaan hidhane ammoo, Phawuloos ajajaa dhibbaa ka achi dhaabbateen, «Nama Rooma'aa tokko, muraa malee dikiisi keessan seeraa?» jedhe. \p \v 26 Ajajaan dhibbaa yennaa waan kana dhage'e, gara ajajaa woraana Rooma'aa deemee, «Maan godhiisatti jirta? Namichi kun nama Rooma'aa ti!» jedheen. \p \v 27 Maarre ajajaan woraana Rooma'aa, gara Phawuloosii dhaqee, «Anatti himi, ati nama Rooma'aatii?» jedheen. \p Phawuloos deebisee, «Ee» jedheen. \p \v 28 Ajajaan woraana Rooma'aa deebisee, «Ani nama Rooma'aa te'iisaaf, beesee hedduu kaffaleera» jedhe. \p Phawuloosille, «Ani nama Rooma'aa te'ee dhaladhe» jedhe. \p \v 29 Tanaaf worri Phawuloos qorqoriisaaf qophowe sun, isa irraa deebi'e; ajajaan woraana Rooma'aalle, Phawuloos nama Rooma'aa akka te'ee fi wodaroo sibiilaatiin akka hiisiseeru yennaa hubate sodaate. \s1 Phawuloos Kora Mura'aa Duratti Dhikaate \p \v 30 Boruyya'aa, ajajaan woraana Rooma'aa, worri Yihudootaa maaf Phawuloos akka himate, sababa dhuga'aa beekiisaaf barbaade; tanaaf sooreyyiin hayyootaatii fi miseensoti kora mura'aa duudiin akka wolitti qabamanu ajaje. Achiin duuba inni Phawuloos hiikee, isaan dura dhaabbachiise. \c 23 \p \v 1 Phawuloos kora mura'aa hubatee ilaalee isaaniin, «Obboleeyyan tiyya! Ani haga guyyaa adhaatitti, wodanaa qullu'uun fuula Waaqaa duratti jiraadheera» jedhe. \v 2 Anaaniyaan Hayyichi Guddaan, worri Phawuloos bira dhaabbateeru, akka afaan keessa isa dhowu ajaje. \v 3 Yennaa san Phawuloos Anaaniya'aan, «Ati dhaaba manaa\f + \fr 23:3 \fr*\fqa Dhaaba manaa: \fqa*\ft Girgiddaa manaa\ft*\f* ka nooraa dibame fakkaatta! Waaqi si'i hin dhowa! Akka seeraatitti natti muriisaaf achi teetteerta, ifiif ammoo seera malee, akka na dhowanuuf ajajjaa?» jedheen.\x - \xo 23:3 \xo*\xt Mat. 23:27-28\xt*\x* \p \v 4 Worri Phawuloos bira dhaabbateeru, «Ati Hayyicha Guddaa Waaqaa arrassitaa?» jedhaneen. \p \v 5 Phawuloos deebisee, «Obboleeyyan tiyya, akka inni Hayyicha Guddaa te'e ani hin beenne. Barreeffam Woyyichi, ‹Bulchaa kolbaa teetii irratti hantuu hin dubbatin› jedha» jedhe. \p \v 6 Phawuloos worra san keessaa gariin Saduqoota, ka dhibiin Fariisaayota akka te'ane yennaa beeke, kora mura'aa keessatti qoonqoo ol qabatee, «Obboleeyyan tiyya! Ani Fariisaayii ilma Fariisaayichaa ti. Worri du'ane hin ka'an jedhee waan addadheef, ani amma muraa duratti dhikaadheera» jedhee dubbate.\x - \xo 23:6 \xo*\xt HuE. 26:5; Filp. 3:5\xt*\x* \v 7 Akkuma inni waan kana jedheen, Fariisaayotaa fi Saduqoota oddu'utti lolli ka'ee, korri mura'aa addee lamatti qoodame. \v 8 Saduqooti, «Du'aa ka'iis hin jiru, ergantooti Waaqaa yookiin ayyaanoti hin jiranu» jedhan; Fariisaayoti ammoo, «Kun duudiin hin jiran» jedhanee dhugeeffatan.\x - \xo 23:8 \xo*\xt Mat. 22:23; Mar. 12:18; Luq. 20:27\xt*\x* \v 9 Achiin duuba hogaan guddaan ka'e; barsiisoti Seeraa ka golii Fariisaayotaa te'ane gariin ka'anee, «Nuuti yakkaa womaa nama kana irratti hin dhaggine! Takki ayyaanatti yookiin ergamaa Waaqaatitti itti dubbateera!» jedhaa moromane. \p \v 10 Ajajaan woraana Rooma'aa moromaan waan o'iteef, jarri tun Phawuloos hin caccassan jedhee sodaate. Tanaaf loltooti dhaqanee, Phawuloos odduu isaaniitii baasanee, addee quttii loltootaa akka geessanu ajaje. \p \v 11 Halkanuma san Waaqi Phawuloos bira dhaabbatee, «Hin sodaatin! Ati Yerusaalemitti akkuma dhugaa naaf baate, akkasuma qachaa Rooma'aalle'etti dhugaa naaf bawuu qadda» jedhe. \s1 Phawuloos Ijjeesiisaaf Mala Dhowane \p \v 12 Yennaa latti bariite Yihudooti gariin wolitti qabamanee, «Haga Phawuloos ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu» jedhanee kakatane. \v 13 Worri kakuu tana kakatane namoota afurtama caalan. \v 14 Achiin duuba isaan gara sooreyyii hayyootaatii fi jaarsole'ee dhaqanee, «Nuuti haga Phawuloos ijjeennutti, hin nyaannu, hin unnu jennee jabeessinee kakanneerra. \v 15 Tanaaf akka waan kora mura'aa woliin wolii galtanee, marroo Phawuloosii caalchittanee qorqortanuu fakkeessa'aatii, akka Phawuloos gadi isinii fidanu, ajajaa woraana Rooma'aa gaafadha'a. Nuuti ammoo adoo inni as hin geyin, isa ijjeesiisaaf qophoonneerra» jedhaneen. \p \v 16 Ilmi obboleettii Phawuloosii ammoo, mala kana waan dhage'eef, gara addee quttii loltootaa dhaqee, Phawuloositti hime. \v 17 Achiin duuba Phawuloos ajajjoota dhibbaa keessaa tokko waamee, «Dargaggeessi kun ajajaa woraana Rooma'aatitti waan himu waan qabuuf, gara isaa geessi» jedheen. \v 18 Ajajaan dhibbaa isa fuudhee, gara ajajaa woraana Rooma'aa geessee, «Phawuloosiin hidhameeru na waamee, dargaggeessi kun waan sitti himu waan qabuuf, gara keeti akka fiduuf na gaafate» jedhe. \v 19 Ajajaan woraana Rooma'aa, dargaggeessa harka qabee, qofitti baasee, «Wonni ati natti himiisaaf barbaaddu maan?» jedhee isa gaafate. \p \v 20 Dargaggeessille, «Yihudooti akka waan marroo Phawuloosii caalchisanee qorqoranuu fakkaatanee, akka ati boru gara kora mura'aa isa isaaniif dhikeessitu, si gaafatiisaaf wolii galaneeran. \v 21 Ati ammoo waan isaan jedhanu hin dhage'in. Namooti afurtama caalanu, haga isa ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu jedhanee kakatanee, riphanee isa eegiisatti jiran. Isaan amma murtee teeti qofa eegataaran» jedhe. \p \v 22 Ajajaan woraana Rooma'aa, «Waan natti hinte kana nama tokkolle'etti hin himin» jedhee itti seeree, dargaggeessa gad lakkise. \p \v 23 Achiin duuba ajajaan woraana Rooma'aa, ajajjoota dhibbaa ta ifii keessaa lama waamee, «Halkan keessa saatii saditti loltoota dhibba lama, abbootii fardo'oo nama torbaatamaa fi worra ebo'oo nama dhibba lama woliin gara Qiisaariya'aa dhaqiisaaf akka qophowanu godha'a. \v 24 Phawuloos adoo hin edderamin irra tee'ee gara bulchaa Feeliksii akka dhaqu, geejjiba qopheessa'aaf» jedhe. \v 25 Achiin duuba xalayaa, \v 26 «Ana Kilaawudiiyosii Liisiiyaasii irraa, bulchaa kabajamaa Feeliksiif! Nageenni si'iif te'u. \v 27 Yihudooti namicha kana qabanee, silaa ijjeesaaraniiyyu. Ani ammoo akka inni nama Rooma'aa te'e beekee, loltoota tiyya woliin dhaqee isa hambure. \v 28 Isaan maaf akka isa himataaranu beekiisaaf barbaadee, gara kora mura'aa ka isaanii isa geesse. \v 29 Himatam isaa marroo seera isaaniituma malee, yakkaa du'aan yookiin hidha'aan isa geettu, akka inni hin qanne qorqoree hubadheera. \v 30 Yihudooti namicha kana ijjeesiisaaf mala akka dhowane, yennaa natti himame, yoosuma gara keeti erge. Worri isa himatulle, himata isa irraa qabu akka si duratti dhikeeffatu itti himeera» jedhu barreesseef. \p \v 31 Loltooti akkuma ajajamanetti, halkanuma gaafasii Phawuloos fuudhanee Antiiphaaxriisitti geessane. \v 32 Boruyyaa loltooti worri miilaa gara addee quttii loltootaa deebi'e; worri fardo'oo Phawuloos woliin deeme. \v 33 Worri fardo'oo Qiisaariyaa yennaa geyane, xalayaa bulchaa biyyaatitti dhikeessanee, Phawuloosille isatti dabarsanee kennane. \v 34 Bulchaan biyyaa sun xalayaa dubbisee, Phawuloos nama biyya kamii akka te'e gaafate. Inni nama biyya Qiliiqiya'aa akka te'e yennaa beeke, \v 35 «Worri si himate yennaa as geye ani dubbii teeti hin ilaala» jedhe. Achiin duuba akka Phawuloos mana mootummaa Heroodisii keessatti eegamu ajaje. \c 24 \s1 Yihudooti Phawuloos Himatane \p \v 1 Guyyaa shaniin duuba Anaaniiyaasiin Hayyichi Guddaan, jaarsolee gari'ii fi beekaa seeraa ka Xerxilos jedhamu tokko woliin, gara Qiisaariya'aa gad bu'e. Isaan Feeliksii bulchaa biyyaa dura dhikaatanee, himannaa Phawuloos irratti qabanu dhikeeffatane. \v 2 Phawuloos waamamee yennaa dhufe, Xerxilos himata ifii jalqabee, \p «Kabajamaa Feeliksi! Nuuti karaa keetiin nageya guddaa dhagganneerra; bulchiinsa dansaa keetille'een, jijjiiram kolbaa teennaaf dhaggameera. \v 3 Nuuti waan kana yennaa mara, addee maratti galata gudda'aan fudhanna. \v 4 Ani tana caalaa si dadhassiisuu\f + \fr 24:4\fr*\fqa Dadhassiisuu: \fqa*\ft Ko'oonsuu\ft*\f* hin barbaadu; teetuu malee himata gabaabaa nuuti qannu, gadhi-laafinnaan akka nuuf dhageettu si kadhadha. \v 5 Namichi kun dhukkuba hamaa nutti te'eera; inni Yihudoota biyya lafaa duudii oddu'utti nageya booressaa, golii worra Naaziretiitiif sooressaa te'eera. \v 6 Inni Galma Waaqaatuu xureessiisaaf wodhaanuun qanneerra; [akka seera keennaatitti isatti muriisaaf yaadanneerra. \v 7 Liisiiyaasiin ajajaan woraana Rooma'aa dhufee, hunnaan harka keennaa isa fuudhee, \v 8 achiin duuba worri isa himatu gara keeti akka dhufanu ajaje.] Ati namicha kana yoo qorte, atinuu wonni nuuti himannu duudiin dhugaa akka teete hin mirkaneeffatta» jedhe. \v 9 Yihudooti, «Wonni kun duudiin dhuga'a» jedhanee himata dhikaate irratti wolii galane. \s1 Phawuloos Feeliksi Duratti Falmate \p \v 10 Bulchaan biyyaa akka Phawuloos dubbatu harkaan beessise. Phawuloosille, \p «Akka ati woggaa heddu'uuf bulchaa kolbaa tanaa teete waan beekuuf, himata na irratti dhikaateef, si duratti falmatuu kiyya gammadeera. \v 11 Ani waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii haga ol bayee, guyyaa kudhanii lama akka hin caalin, atinuu mirkaneeffatuu dandeetta. \v 12 Galma Waaqaa keessatti, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessalle'etti yookiin qachaa keessatti eennuuyyuu woliin moromuun yookiin kolbaa raasuun na dhagganee hin beekanu. \v 13 Waan amma ittiin na himatanu kanaaf, tokkolle dhugaa sitti dhikeeffatuu hin dande'anu. \v 14 Ammoo waan tokko sitti himadha; ani karaa isaan, ‹Dhara› jedhanu san hordofiisaan, Waaqa abbootii teennaa waaqonfadha. Te'uu malee waan Seera Muuse'eetii fi kitaaba raagotaa keessatti barreeffame duudii hin dhugeeffadha. \v 15 Worri balcha'aa fi balchaa hin te'inille du'aa akka ka'anu, akkuma isaan addatanu, anille Waaqatti addii qaba. \v 16 Ani Waaqaa fi nama duratti wodanaa dansaa akka qabaadhu yennaa maraa mixiixxadha. \p \v 17 «Ani Yerusaalem keessaa bayee, woggaa heddu'uun duuba, beesee qarqaarsa kolbaa tiyyaaf geessiisaa fi woreega Waaqaaf kenniisaaf gara Yerusaalemii dhaqe. \v 18 Jila aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulloomiisaa muummessee, woreega kiyya dhikeessiisatti jiruun ana Galma Waaqaa keessatti dhaggane. Nami hedduun na woliin achi hin jiru; hogaalle hin kaane.\x - \xo 24:18\xo*\xt HuE. 21:17-28\xt*\x* \v 19 Yihudooti gariin ka Asiya'aa dhufane ammoo, achi jiraniiyyu; isaan waan si irratti na himatanu adoo qabaatanee, amma si dura dhikaatanee na himatanuu ti; \v 20 yookiin yennaa ani kora mura'aa dura dhaabbadhe, waan ani yakke worri as jiru himuu ti. \v 21 Ani odduu isaanii dhaabbadhee, qoonqoo tiyya ol qabadhee, ‹Ka du'ane hin ka'an› waan jedheef, adha mura'aaf isin duratti dhikaadhe malee, wonni dhibiin ani huje hin jirtu» jedhe.\x - \xo 24:21 \xo*\xt HuE. 23:6\xt*\x* \p \v 22 Feeliksi ammoo karaa Gootta'aa akka dansaa waan beekeeruuf, «Ajajaan woraana Rooma'aa Liisiiyaas yennaa dhufe, dubbii teessan isiniif hin mura» jedhee isaan ifi irraa geegesse. \v 23 Achiin duuba inni, ajajaa dhibbaa ka Phawuloos eeguun, «Itti furiitii Phawuloos eegi; worri isaalle waan isaaf barbaachisu fidee yennaa dhufu, irraa hin dhooggin» jedhe. \s1 Phawuloos Feeliksii Fi Dirusilaa Duratti Dhikaate \p \v 24 Guyyaa diqqa'aan duuba, Feeliksi haadha manaa ifii Yihudittii Dirusilaa woliin dhufe. Inni Phawuloos waansisee, marroo Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaa dubbatuun caqase. \v 25 Phawuloos marroo balchumma'aa, marroo ifi toowatiisaatii fi marroo muraa dhufu'uu jirtuu yennaa dubbate, Feeliksi sodaatee, «Ammaaf hin geetti; yoo natti tolte aninuu si waama» jedhe. \v 26 Feeliksi Phawuloos irraa gubboo\f + \fr 24:26\fr*\fqa Gubboo: \fqa*\ft Safuu\ft*\f* fudhatiisa waan barbaadeef, yennaa hedduu isa waansisaa haasesse. \p \v 27 Woggaan lamaan duuba, Phorkii'os Fesxoos addee Feeliksii bulchaa te'e. Feeliksi Yihudoota gammachiisuu barbaadee, Phawuloos akkuma hidhametti lakkise. \c 25 \s1 Phawuloos Fesxoos Dura Dhikaate \p \v 1 Fesxoos bulchaa te'ee guyyaa sadiin duuba, Qiisaariya'aa ka'ee gara Yerusaalemii dhaqe. \v 2 Achitti sooreyyiin hayyootaatii fi sooreyyiin Yihudootaa, Phawuloos himatane. \v 3 Isaan kara'atti riphanee Phawuloos akka ijjeesanu waan malataneef, isa Yerusaalemitti nuuf ergi jedhanee, Fesxoos gaafatane. \v 4 Fesxoos deebisee, «Phawuloos Qiisaariya'atti hidhamee eegamiisatti jira; anille dafee achi deebi'aara. \v 5 Sooressitooti teessan na woliin gara Qiisaariya'aa dhaqanee, wonni Phawuloos yakkeeru yoo jiraatte, achitti isa himatanuu ti» jedhe. \p \v 6 Fesxoos guyyaa saddeeti yookiin guyyaa kudhan isaan bira bubbuleen duuba, gara Qiisaariya'aa deeme; boruyyaa barcumaa mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos dhikeessanu ajaje. \v 7 Phawuloos yennaa dhikaate, Yihudooti Yerusaalemii dhufane isa marsanee, himata jajjabaa ka dhugaa hin qanne itti dhikeessane. \v 8 Phawuloos ammoo, «Ani Seera Yihudootaa irratti yookiin Galma Waaqaa irratti yookiin Mootii Mootota Rooma'aa irratti yakkaa tokkolle hujee hin jiru» jedhee falmate. \p \v 9 Fesxoos Yihudoota gammachiisiisaaf barbaadee, Phawuloosiin, «Gara Yerusaalemii dhaxxee, dubbii tanaaf akka ani muraa siif kennu hin feetaa?» jedhee gaafate. \p \v 10 Phawuloos deebisee, «Ammumaayyuu ani addee muraa itti fudhadhu, barcumaa mura'aa ka Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbadheera. Akkuma ati miidhassitee beettu, ani Yihudoota irratti yakkaa tokkolle hin hunye. \v 11 Ani yakkee waan du'a natti mursiittu yoo godhee jiraadhe, du'a jalaa bayiisaaf hin gaafadhu. Ammoo himati isaanii yoo dhugaa hin te'in, eennulle isaanitti dabarsee na kennuu hin dande'u. Ani amma Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha» jedhe. \p \v 12 Fesxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Maarre mootichatti iyyadha eega jette, gara mootichaa hin dhaxxa» jedhee itti hime. \s1 Phawuloos Agriipha'aa Fi Berniiqee Duratti Dhikaate \p \v 13 Guyyoota diqqa'aan duuba mootichi Agriipha'aa\f + \fr 25:13\fr*\fqa Agriiphaa: \fqa*\ft Agriiphaan kun Agriiphaa lammeesso'oo ti; inni ilma Agriiphaa matoomaa, ka foora 12 keessatti dubbinnu. Inni biyyoota laga Yordaanosiitiin gara aduun baatu jiranu bulcheera. Inni akka laakkossa Awuropha'aatitti, dhaloota Kiristoosiitiin duuba bara 50-94 bulche.\ft*\f* fi Berniiqeen, Fesxoos dubbisiisaaf gara Qiisaariya'aa dhufane. \v 14 Isaan guyyaa hedduu achi turaneen duuba, Fesxoos waan dubbii Phawuloosii mooticha Agriipha'atti issee himee, «Nami Feeliksi hidhee lakkisee deeme tokko as jira; \v 15 ani yennaa gara Yerusaalemii dhaqe, sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isa himatanee, akka ani yakkaa isatti muru na gaafatane. \v 16 Ani ammoo, ‹Nami himatame tokko worra isa himatu dura dhaabbatee, deebii falmataa adoo hin kennin dabarsanee kenniis, aadaa worra Rooma'aatii moti› jedhee isaanitti hime. \v 17 Worri isa himate wolitti qabamee yennaa as dhufe, ani adoo hin turin, boruyyaa barcumaa kora mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos na duratti dhikeessanu ajaje. \v 18 Worri isa himatu isa himatiisaaf yennaa bira dhaabbatane, inni waan hantuu hujeera jedhee akka ani yaadetti, isaan waan himataan isa gewu tokkolle hin dhikeessine. \v 19 Moromaan isaan isa woliin qabanu marroo dhugeeffannaa ifiitii fi marroo Yesuusii du'eeru, ka Phawuloos ammoo, ‹Jiraata'a› jedhuu ti. \v 20 Ani dubbii tana akka itti qorqoru wollaalee, Phawuloosiin, ‹Gara Yerusaalemii dhaxxee, achitti dubbii tanaaf muraa dhaggatuu feetaa› jedhee isa gaafadhe. \v 21 Phawuloos ammoo, dubbii tana Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha waan jedheef, ani haga achii isa ergutti, mana hidha'aa keessa akka inni turu ajaje» jedhe. \p \v 22 Agriiphaan Fesxoosiin, «Aninuu dubbii namicha kanaa dhage'uu barbaada» jedheen. Fesxoos, «Boru isa dhageetta» jedhe. \p \v 23 Boruyyaa Agriiphaa fi Berniiqeen, uffana mootummaa ifii uffatanee, ulfinna gudda'aan dhufanee, sooressitoota loltootaatii fi jaarsolee qacha'aa woliin, mana muraa itti kennanu ol seenane. Ajaja Feesxoosiitiin, Phawuloos ol seensisane. \v 24 Fesxoos, «Mootii Agriipha'a! Isinille worra nu woliin as jirtanu duudiin keessan! Namichi isin dhaggitanu kun, jiraatu'uuf hin malle jedhanee, kolbaan Yihudootaa duudiin Yerusaalemii fi asille'etti natti iyyataneeran. \v 25 Ani ammoo yakkaa du'aan isa geessittu tokkolle hin dhaggine. Ammoo waan inni Mootii Moototaa, ka Rooma'aatitti iyyadha jedheef, achi isa ergiisaaf murteeffadheera. \v 26 Te'uu malee goottaa kiyyaaf barreessiisaaf, waan namicha kanaa waan mirkanaaye hin qabu. Tanaaf isin duudii duraa fi keessattuu si'i mooticha Agriiphaa duratti, isa qorqoreen duuba marroo isaa waan barreessu akka qabaadhu, isa asi fideera. \v 27 Namaa hidhame tokko, waan inni itti himatame adoo hin qulleessin, Mootii Mootota Rooma'aatitti ergiisii, sirrii natti hin fakkaattu» jedhe. \c 26 \s1 Phawuloos Agriiphaa Duratti Falmate \p \v 1 Agriiphaan Phawuloosiin, «Ifii keetiif falmatuu hin dandeetta» jennaan, Phawuloos harka ifii diriirsee falmatee, \p \v 2 «Mooticha Agriipha'a! Waan Yihudooti na himatane duudii akka falmadhu adha si duratti dhikaatuu kiyyaan guddoo gammada. \v 3 Keessumattuu aada'aa fi moromaa Yihudootaa duudii miidhassitee beetta. Tanaaf ossataan akka naaf dhageettu si kadhadha. \p \v 4 «Ijoollummaa tiyyaan jalqabee, biyya tiyya keessaa fi Yerusaalemille'etti attam akka le'e Yihudooti duudiin hin beekan. \v 5 Isaan yoo naaf dhugaa bayuu fedhane, worra golii Fariisaayotaa ka dhugeeffannaa teenna jabeeffatanu keessaa, ani tokko akka te'e duruuyyuu beekan.\x - \xo 26:5 \xo*\xt HuE. 23:6; Filp. 3:5\xt*\x* \v 6 Amma ammoo, waadaa Waaqi abbootii teennaaf gale, waan addadheef ani asitti himatamiisatti jira. \v 7 Waadaan sun, ta gosi teenna kudhanii fi lama akka dhaggattuuf addattee, halkanii fi guyyaa Waaqaaf tajaajilte. Mooticha Agriipha'a! Sababa addii tanaatiif, Yihudooti amma na himatiisatti jiran. \v 8 Waaqi worra du'e akka kaasuu, maaf mantan? \p \v 9 «Aninuu karaa dande'e maraan, maqaa Yesuusii Naaziretii kanaan mormuu qaba jedhee, yaadadheeraayyu. \v 10 Ani waanuma kana Yerusaalem keessatti godhe. Ajaja sooreyyii hayyootaa irraa fudhadheen, kolbaa Waaqaa hedduu mana hidha'aatitti galcheera; yennaa isaan ijjeesanulle, worra ijjeesu woliin wolii galeera. \v 11 Yennaa hedduu Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti isaan adabee, akka isaan dhugeeffannaa ifii mormatanu godhiisaaf wodhaaneera. Isaan irralle'etti aaree, qachaa ormaa keessalle'etti isaan miidheera. \s1 Akka Phawuloos Gara Kiristoosii Deebi'e \r (HuE. 9:1-19; 22:6-16) \p \v 12 «Adoo tana irra jiruu baalli'ii fi ajaja sooreyyii hayyootaa irraa fudhadhee, gara Damaasqo'oo dhaqe. \v 13 Mooticha! Orraa gara saatii jaatitti ani karaa gubbaa adoo jiruu, ifi aduu caalaa balaqqisu gubba'aan gadi dhufuun dhagge; ifi sunille adaala kiyyaa fi namoota na woliin deemiisatti jiranuutitti ife. \v 14 Nuuti duudiin lafatti jinneerruun, afaan worra Yihudootaatiin qoonqoo, ‹Saa'ol! Saa'ol! Ati maaf na miita? Sibiila mutaa yoo dhiitte ifuu miita› jettu dhage'e. \v 15 Anille, ‹Gootta'a, ati eennu?› jedhee gaafadhe. Goottaan deebisee, ‹Ani Yesuusii ati miidhiisatti jirtu. \v 16 Ammoo ka'iitii miila keetiin dhaabbadhu. Akka ati tajaajilaa kiyya teetu si filatiisaaf, waan kiyya ka adha dhaggitee fi ka ani sitti mudhisu'uu jiru, akka dhugaa baatu ani sitti mudhadhe. \v 17 Worra ani itti si ergaaru kolbaa Israa'eliitii fi worra Yihudoota hin te'in irraa si fayyisa. \v 18 Ati ila isaanii bantee, dukkana irraa gara ifaa, hunna Seexanaa jalaa gara Waaqaa isaan hin deebitta; isaanille natti dhugeeffatiisaan, cubbuu ifiitiif araara dhaggatanee, kolbaa Waaqaaf woyyoonte oddu'utti dhaala fudhatan› jedhe. \s1 Phawuloos Hujii Ifii Hime \p \v 19 «Maarre mooticha Agriipha'a, ani mudhii ol-gubba'aatiif ajajamuu hin didanne. \v 20 Jalqaba worra Damaasqoo keessa jiruuf, itti aansee worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiru duudi'iif, achiin duuba worri Yihudoota hin te'inille cubbuu irraa deebi'anee, gara Waaqaa akka deebi'anu, cubbuu irraa deebi'uu isaaniille waan mudhisu akka hujanu, isaanitti lallabeera.\x - \xo 26:20 \xo*\xt HuE. 9:20,28-29\xt*\x* \v 21 Yihudooti tanaaf Galma Waaqaa keessatti na qabanee, ijjeesiisaaf wodhaanane. \v 22 Haga guyyaa adhaatitti Waaqi na qarqaaree, anille as dhaabbadhee, diqqa'aa fi guddaa duudi'iif dhugaa bayiisatti jira. Ani waanuma raagotii fi Muuseen hin te'a jedhane malee, waan tokkolle hin dubbanne. \v 23 Isaan, ‹Masiihiin rakkatuu qaba; du'aa ka'iisaan ka jalqabaa te'ee, ifa fayyinnaa kolbaa Israa'eliitii fi worra Yihudoota hin te'iniif hin mudhisa› jedhane, jedhee dhugaa isaaniif baye» jedhe.\x - \xo 26:23 \xo*\xt 1 Qor. 15:20\xt*\x* \p \v 24 Phawuloos akkana falmatiisatti jiruun, Fesxoos qoonqoo ol qabatee, «Phawuloos! Guddoo baratiisi keeti si maraachaara!» jedhe. \p \v 25 Phawuloos deebisee, «Kabajamaa Fesxoos! Ani maraata'aa moti! Dubbii dhuga'aa qalbi'iin dubbatiisatti jira. \v 26 Mooticha Agriipha'a! Ati waan kana duudii marroo beettuuf, sodaa malee sitti dubbatiisa dande'a. Wonni kun cina'atti dhokattee waan hin te'iniif, waan duudii akka mootichi hubatu hin addadha. \v 27 Mooticha Agriipha'a! Ati raagotatti hin dhugeeffattaa motii? Akka ati dhugeeffattu aninuu hin beeka» jedhe. \p \v 28 Agriiphaan deebisee, Phawuloosiin, «Yennaa gabaadduu tana keessatti kiristaana waan na gootu seetaa?» jedheen. \p \v 29 Phawuloos deebisee, «Yennaan gabaabbattulle yookiin dheerattulle, si qofa adoo hin te'in worri adha na dhage'iisatti jiranu duudiin, hidhamiisa kiyya malee, akka kiyya akka ite'anu Waaqa daadimadha» jedhe. \p \v 30 Achiin duuba Mootichi, bulchaan biyyaa, Berniiqeen, worri isaan woliin tee'aneeranu duudiille ol ka'anee, \v 31 yennaa achii deemanu, «Namichi kun du'a yookiin hidhaa waan isatti mursiisu tokkolle hujee hin jiru» woliin jedhane. \v 32 Agriiphaan, Fesxoosiin, «Nami kun ‹Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha› adoo jedhuu dhabee jiraate, sila akkanumaan lakkifamaayyu» jedhe. \c 27 \s1 Phawuloos Gara Rooma'aa Geeffame \p \v 1 Akka nuuti hobolo'oon gara Ixaaliya'aa dhandhu yennaa murteessane, Phawuloosii fi worra hidhamane ka dhibii, kutaa woraana worra Rooma'aa «Awugusxoos» ka jedhamu keessa ka jiru, ajajaa dhibbaa Yulii'ositti dabarsanee kennane. \v 2 Hoboloo qachaa Adraamiixosiitii kaatee, gara buufata hobolo'oo, ka irga lafa Asiya'aa dhaqiisaaf qophootte, yaabbannee deenne. Arisxaarkosiin, nami biyya Maqedooniya'aa ka Tasalonqe'ee dhufe nu woliin jiraayyu. \v 3 Boruyyaa qachaa Sidoonii geenne; Yulii'os Phawuloosiif gadhaa laafee, akka inni gara firoota ifii dhaqee, waan barbaachisu dhaggatu isaaf eeyyame. \v 4 Sidoonii kaanee, qilleensi ful-duraan gara keenna waan dhoweef oddoola Qophiroosiititti gollannee hobolo'oon deenne. \v 5 Achiin duuba abbaayaa Qiliiqiya'aatii fi Phamfiliya'aa buuneen duuba, qachaa Miira'aa ka biyya Liiqiya'aa keessa jiru geenne. \v 6 Achitti ajajaan dhibbaa, hoboloo biyya Iskindiriya'aatii dhuttee, gara biyya Ixaaliya'aa dhaxxu dhaggee, nu yaabbachiise. \p \v 7 Guyyaa hedduu laana hobolo'oon deennee, rakkoo guddo'oon qachaa Kiniidoosii bira geenne; bubbeelle gara duraa deemiisa yennaa nu dhooggite, oddoola Qareexisiititti gollannee, cinaa Salmooniitiin dabarre. \v 8 Nuuti rakkoo guddo'oon cinaa abbaaya'aa irra dabarree, gara addee «Buufata hobolo'oo miidhagaa» jedhamu, ka qachaa Lase'aatitti dhikaatu bira geenne. \p \v 9 Yaasuma keenna irratti guyyaan hedduun dabaree, yennaan laamaalle waan dabarteef, hobolo'oon deemuun rakkisaa waan te'eef, Phawuloos isaanitti gorsee, \v 10 «Jarana! Haganaa achi hoboloo gudditti'iin deemiisi keenna kun akka balaa qabu dhagga; fe'iisaa fi hoboloon guddittiin baddee, lubbuun namaalle hin dhumatti» jedhe. \v 11 Ajajaan dhibbaa ammoo, gorsa Phawuloosii caalaa, waan abbaan hobolo'ootii fi ka hoboloo oofu jedhane dhugeeffate. \v 12 Addeen buufata hobolo'oo sun, yennaa gannaa achi turiisaaf ta hin tolle waan teeteef, isaan keessa garri caalaan, achii ka'anee, yoo isaanii dande'ame Finiiqe'etti galanee, ganna achitti bayiisaaf murteeffatane. Finiiqeen addee buufata hobolo'oo, oddoola Qareexisii irraa gara kaaba dhi'aatii fi kibba dhi'aa jirti. \s1 Bubbee Abbaayaa Irraa \p \v 13 Qilleensi laafaan karaa kibbaatiin bubbisuu yennaa jalqabe, akkuma isaan hedane waan teeteef seyanee, hoboloo guddittii hiikanee irga Qareexisiitiin abbaayaa irra deemane. \v 14 Ammoo adoo hin turin bubbeen jadduun, «Bubbee kaaba bahaa» jedhantu, oddoola Qareexisii irraa gara abbaaya'aa gad bubbitte. \v 15 Bubbeen hoboloo guddittii dhoottee, gara duraa deemiisa waan dadhanneef, itti lakkinnee bubbe'een oofanne. \v 16 Oddoola diqqayyicha Kaawudaa jedhamu tokko gollaa godhannee yennaa deenne, rakkoo guddo'oon hoboloo, hoboloo guddittii teennatti hidhantee harkifantu san, qilleensa irraa buufatiisa dandeenne. \v 17 Hoboloo ol harkisanee baasaneen duuba, hoboloon guddittiin akka hin diiganneef wodaro'oon xaxanee hidhane. Hoboloon guddittiin lafa maansa Sirtis jedhantutti nu duraa dhowanti jedhanee waan sodaataneef, waan laana isii ideensisu gad hiissanee, bubbe'een oofamaa deemane. \v 18 Bubbeen nutti jabaataa waan deenteef, boruyyaa fe'iisa hoboloo guddittii keessa jiru, gara abbaaya'aa darbuu jalqabane. \v 19 Guyyaa sadeesso'oo, harkuma ifiitiin meya hoboloo gudditti'ii abbaayaa gudditti'itti gatane. \v 20 Nuuti guyyaa hedduu aduu yookiin urjii hin dhaggine; bubbeelle ittuma jabaattee waan nutti bubbitteef, hin fayyinu jennee addii kutane. \p \v 21 Namooti adoo sagalee hin nyaatin guyyaa hedduu turaneen duuba, Phawuloos odduu isaanii dhaabbatee, «Jarana, waan ani isiniin jedhe dhageettanee Qareexisii adoo ka'uu dhaddane, bala'aa fi badiin tun isin hin dhaqqadduuyyu. \v 22 Amma ammoo, jabaadha'a! Sababille hoboloo guddittii malee, isin keessaa lubbuun nama tokkolle hin baddu. \v 23 Halkan edaa ergamaan Waaqaa ka Waaqa ani ka isaa te'ee fi ka ani waaqonfadhuu, na bira dhaabbatee, \v 24 ‹Phawuloos, hin sodaatin! Ati Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbatuu qadda. Waaqille lubbuu worra si woliin jiruu duudii, si'iif jedhee du'a irraa hin hambura› jedhee natti himeera. \v 25 Tanaaf, jarana jabaadha'a! Akkuma inni natti hime akka teetu ani Waaqatti hin addadha. \v 26 Te'uu malee, bubbe'een oofannee, oddoola tokko irratti gatamuu hin oollu» jedhe. \p \v 27 Gaafa guyyaa kudhanii arfeesso'oo halkan, abbaayaa Adriiya'aa irra bubbeen asii fi achi nu oofaa, gara halkan wodhakka'aa yennaa geenne, worri hoboloo guddittii keessa jiranu, waan lafatti dhikaatane seyane. \v 28 Isaan waan ulfaatu qaccee wodaro'ootitti hidhanee gad buusanee, gad fageenni bisaanii meetira afurtama te'ee dhaggane; diqqoo deemaneen duuba akkuma kaan wodaroo bisaan keessa buusanee gad fageenni meetira soddoma te'e. \v 29 Hoboloon guddittiin rassaa dhootti jedhanee sodaatanee, sibiila ulfaataa afur, hoboloo guddittii duubaan abbaayaa keessa gad buusanee, akka latti bariituuf daadimatane. \v 30 Achiin duuba worri hoboloo guddittii oofu, dheetiisa barbaadanee, sibiila ulfaataa hoboloo guddittii duraan abbaayaa keessa waan gad buusanu fakkeessanee, hoboloo diqqittii hoboloo guddittii irra jirtu, abbaayaa keessa buusane. \v 31 Phawuloos ammoo ajajaa dhibbaatii fi loltootaan, «Worri kun hoboloo guddittii irra yoo turuu dhabe, isin hafuu hin dandeettanu» jedhe. \v 32 Tanaaf loltooti wodaroo hoboloon diqqoon ittiin hidhante irraa kutanee abbaayaa irratti gad lakkisane. \p \v 33 Fuullee ganamaa, Phawuloos isaan duudiin sagalee akka nyaatanu kadhatee, «Isin adoo sagalee hin nyaatin adhi bultii kudhanii arfeesso'oo ti; yennaa tana mara womaa afaaniin hin qanne. \v 34 Tanaaf, akka isin sagalee nyaattanu isin kadhadha; jiraatiisaaf nyaatiisa isin barbaachisa. Isin keessaa mataa nama tokkoo irraayyuu rifeensi tokkolle hin badu» jedhe. \v 35 Phawuloos tana jedheen duuba, xaltaa ol fuudhee, isaan duudii duratti Waaqa galateeffatee, cassee, nyaatiisa jalqabe. \v 36 Achiin duuba isaan duudiin jajjabaatanee, sagalee nyaatane. \v 37 Nuuti worri hoboloo keessaa wolumatti namoota dhibba lamaa fi torbaatamii jaa. \v 38 Isaan duudiin nyaatanee quufaneen duuba, fe'iisa qamadi'ii abbaayaa gudditti'itti darbanee hoboloo guddittii sallisane. \s1 Caccabiisa Hoboloo Gudditti'ii \p \v 39 Yennaa latti bariite, worri hoboloo oofu latti eessa akka teete hin beenne; ammoo isaan maansa qarqara abbaaya'aa dhagganee, yoo dande'ame hoboloo guddittii gara qarqara lafaa dhiibiisaaf barbaadane. \v 40 Maarre isaan wodaroo kutanee sibiila ulfaataa san akka abbaayaa keessa lixu lakkisane; yoosuma wodaroo muka hobolo'oon oofanulle\f + \fr 27:40\fr*\fqa Muka hobolo'oon oofanu: \fqa*\ft Shaffisaa jedhama.\ft*\f* hiikane. Marduufa\f + \fr 27:40\fr*\fqa Marduufa: \fqa*\ft Yookiin sharaa\ft*\f* fuula duraa bubbe'etti ol kaasanee, akka bubbeen hoboloo guddittii gara qarqara abbaaya'aa geessitu lakkisane. \v 41 Hoboloon guddittiin ammoo gara duraatiin lixxee, tuulaa maansaatitti rakkattee tacho'uu dadhadde; gara duubaatiin ammoo hunna danbali'iitiin caccabuu jalqadde. \p \v 42 Worra hidhamane keessaa tokkolle abbaayaa daakee akka hin milindhe, loltooti isaan duudii ijjeesiisaaf yaadatane. \v 43 Ajajaan dhibbaa ammoo Phawuloos lubbuu hamburiisaaf waan barbaadeef, akka isaan waan yaadane godhanu hin lakkinne. Inni worri daakiisa dande'u dursee hoboloo guddittii irraa utaalee akka lafatti bayanu ajaje; \v 44 worri hafe ammoo, falaxaa mukaa baxxichaan yookiin muka hoboloo gudditti'ii ka caccabeen akka bayanu hime. Akka kanaan isaan duudiin nageyaan lafa irra geyane. \c 28 \s1 Phawuloos Oddoola Malaaxiya'aatitti \p \v 1 Nuuti nageyaan lafa irra geenneen duuba, maqaan oddoola sanii Malaaxiyaa akka jedhamu beenne. \v 2 Namooti oddoola sanii, waan baaseffachiisu nuu godhane; roobaa fi boojjii waan teeteef, ibidda gabbisanee nu duudii fudhatane. \v 3 Phawuloos haasumee wolitti qabee ibiddatti yennaa kewu, buutiin takka qoraan keessaa o'a ibiddaa adoo dheettuu, harka Phawuloosii ciniinte. \v 4 Namooti oddoola sanii, buutiin harka Phawuloosiititti rarrateertuun dhagganee, «Namichi kun nama dhiigaa ti; inni abbaayaa keessaa nageyaan bawulle, muraa Waaqaa jalaa bayee, jiru'uun le'iisa hin dandeenne» woliin jedhane. \v 5 Phawuloos ammoo, buutii ibidda irratti hargufee buusee, adoo hin miidhamin hafe. \v 6 Isaan, «Nafi isaa ammaa iitowa yookiin ammaa lafa dhowee du'a» jedhaa eegaaraniiyyu. Guddoo eeganeen duuba ammoo akka womaa te'aa hin jirre dhagganee, yaada ifii jijjiiranee, «Inni waaqa» jedhane. \p \v 7 Bulchaan oddoolaa ka Phophlii'os jedhamu tokko, addee san biraa lafa qabaayyu; inni mana ifiititti nu fudhatee, haga guyyaa sadii akka dansaa nu keessumsiise. \v 8 Gaafas abbaan Phophlii'osii dhukkuba nafa o'isuu fi albaasuun dhibamee irkateeraayyu. Phawuloos gara isaa ilaaliisaaf seenee, isaaf daadimatee, harka ifii isa irra keyee fayyise. \v 9 Wonni kun teeteen duuba, worri dhibiin oddoola sanii ka dhibamane duudiin, dhufanee fayyane. \v 10 Isaan ulfinna guddaa nu kennanee, yennaa nuuti hobolo'oon deemiisaaf kaane, waan kara'aaf nu barbaachisu mara nuu kennane. \s1 Phawuloos Roomaa Geye \p \v 11 Ji'a sadiin duuba hoboloo guddittii Iskindiriya'aa, ta ji'a gannaa lafa Maalxiya'aatitti baateen kaanee deenne; hoboloon guddittiin sunille waaqota lakku'uu ka, «Diyoosqoros\f + \fr 28:11\fr*\fqa Diyoosqoros: \fqa*\ft Afaan Giriikiitiin Diyoosqoros jechuun ilmaan Ze'osii lamaan Kaastorii fi Polokis jechu'u\ft*\f*» jedhamu mataa irraa qaddi. \v 12 Qachaa Seraakusiititti gallee, guyyaa sad achi bulle. \v 13 Achii hobolo'oon kaanee, qachaa Reegiyosii geenne. Boruyyaa bubbeen kibba irraa bubbittu waan kaateef, guyyaa lamatti gara qachaa Photiyolii dhunne. \v 14 Qachaa sanitti dhugeeffattoota garii dhagginee, guyyaa torba isaan woliin akka turru nu gaafatane; achiin duuba gara qachaa Rooma'aa deenne. \v 15 Dhugeeffattooti qachaa Rooma'aa keessa jiranu, dhufa teenna dhage'anee, kuun haga qachaa Aphiyosii, kuun haga addee «Bultuma sad» jedhantuu nu fudhatiisaaf dhufane. Phawuloos yennaa isaan dhagge, Waaqa galateeffatee, jajjabaate. \s1 Phawuloos Rooma'atti \p \v 16 Qachaa Rooma'aa yennaa geenne, Phawuloos lolticha isa eegu woliin qofi akka le'u eeyyamameef. \p \v 17 Guyyaa sadiin duuba, Phawuloos sooreyyii Yihudootaa wolitti waansise. Yennaa isaan wolitti qabamane, «Obboleeyyan tiyya; ani kolbaa teenna irratti yookiin aadaa abbootii teennaa irratti yakkaa tokkolle adoo hin godhin, Yerusaalem keessatti hidhamee, harka worra Rooma'aatitti dabarfamee kenname. \v 18 Worri Rooma'aa na qoranee, yakkaa du'a natti mursiittu waan dhabaneef, na hiikiisaaf barbaadane. \v 19 Yihudooti ammoo yennaa waan kana mormane, Mootii Moototaatitti akka iyyadhu hunnaan godhame malee, kolbaa tiyya irratti himata hin qabu. \v 20 Sababa kanaaf isin dhaggee, isin woliin dubbannuuf isin waame. Ani sababa addii kolbaa Israa'eliitiif jedhee wodaroo sibiilaa tanaan hidhameera» jedhee isaanitti dubbatte. \p \v 21 Isaan deebisanee, «Lafa Yihuda'aa irraa xalayaan tokkolle marroo teetiif nuuf hin barreeffanne; yookiin kolbaan teenna ta achii dhutte oduu yookiin waan hantuu tokkolle marroo teeti hin dubbanne. \v 22 Te'uu malee kolbaan addee duudi'itti golii dhugeeffannaa teetii tana akka mormitu hin beenna; nuuti ammoo yaada keeti dhage'uu barbaanna» jedhane. \p \v 23 Maarre isaan guyyaa Phawuloos woliin wol dhagganu qabatanee, guyyaa san heddatanee addee Phawuloos jiru dhufane. Inni ganamaa jalqabee haga galgalaa marroo Mootummaa Waaqaa isaaniif dhugaa bayee, marroo Yesuusii kitaaba Muuse'eetii fi raagotaa keessaa itti himaa isaan dhugeeffachiisiisaaf wodhaane. \v 24 Isaan keessaa gariin dubbii inni dubbate dhugeeffatane, worri kuun ammoo hin dhugeeffanne. \v 25 Maarre isaan wolii hin galle; adoo isaan achii hin ka'in, Phawuloos dubbii takkattii tana isaanitti dubbatee, «Ayyaanni Woyyichi afaan Isaayaasii raagichaatiin abbootii teessanitti dubbatee, \q1 \v 26 « ‹Gara kolbaa tanaa dhaqiitii: \q2 Isin hin dhageettan hin dhageettan, ammoo hin hubattanu: \q2 Isin hin ilaaltan hin ilaaltan, ammoo hin dhaggitanu jedhiin. \q1 \v 27 Sababille qalbiin kolbaa tanaa dillootteerti; \q2 gurri isaanii cuqqalameera; \q2 ila ifiille dunuunfataneeran. \q2 Adoo akkas hin te'inii, silaa ilti isaanii dhaggitee, \q2 gurri isaanii dhage'ee, \q2 qalbiin isaanii hubattee, \q2 sila gara kiyya deebi'anee, anille isaan fayyiseeraayyu› jedhe. \p \v 28 «Fayyinni Waaqaa kun worra Yihudoota hin te'iniif akka ergame beeka'a. Isaan hin dhage'an» jedhe. [ \v 29 Phawuloos tana dubbateen duuba, worri Yihudootaa guddoo wol moromaa isa biraa deemane.]\f + \fr 28:29\fr*\ft Woraabbiin durii durii gariin laakkossa 29 hin qabanu\ft*\f* \p \v 30 Phawuloos woggaa lama duudii mana kireeffate keessa tee'ee, worra isa ilaaliisaaf dhufu duudii fudhate. \v 31 Inni sodaa malee, namuu adoo isa hin dhooggin mootummaa Waaqaa lallabaa, marroo Goottaa Yesuus Kiristoosiille barsiise.