\id 2TI - Guji Bible \ide UTF-8 \h 2 Ximootewoos \toc1 Ergaa Phawuloos Gara Ximootewoosii Erge Ta Lammeesso'oo \toc2 2 Ximootewoos \toc3 2 Xim. \mt2 Ergaa Phawuloos \mt1 Gara Ximootewoosii Erge \mt2 Ta Lammeesso'oo \imt Seensa \ip Ergaan Phawuloos Ximootewoosiif barreesse ta lammeesso'oo tun, gorsa inni qarqaaraa isaa ka itti dhiyeennaan isa woliin hujatu, dargaggeessa Ximootewoosiif kenne ifi keessaa qaddi. Yaadi gorsa kanaa irra caalaa marroo ossaan jabaatiisatti. Phawuloos akka Ximootewoos marroo Yesuus Kiristoosii addatamaan dhugaa bayu, barsiisa dhuga'aa ka Oduu Gammadaatii fi Gondooroo Qaraa akka qabaatu, rakko'oo fi moromaan yoo itti guddattelle, barsiisiisaa fi hujii Oduu Gammadaa lallabiisatti akka jabaatu gorse. \ip Gorsi kun keessumattuu akka Ximootewoos moromaa gowwitti'ii fi bu'aa hin qanne irraa fagaatuuf kenname. Sababille wonni akkasii worra waan akkasii dhage'u balleessiti malee, womaa bu'aa hin qaddu. \ip Kana duudii keessatti Ximootewoos wonni qabatiisaa male, jiru'uu fi kaayoo leetoo Phawuloosii, keessumattuu dhugeeffannaa, ossata, jaalala, jajjabeenna isaatii fi miidhaa keessatti rakkoo isa dhaqqadde akka fakkeennaatitti hordofu'u. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-2\ior* \io1 Galataa fi gorsa\ior 1:3—2:13\ior* \io1 Gorsaa fi ifi eeggannoo\ior 2:14—4:5\ior* \io1 Akka Phawuloos ifiif keessa jiru\ior 4:19-22\ior* \io1 Yaada buufataa\ior 4:19-22\ior* \c 1 \p \v 1 Ana Phawuloosii, waadaa jiru'uu ka Yesuus Kiristoosiin kenname akka himuuf, fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa: \p \v 2 Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif, \p Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadha, mararti'ii fi nageya siif kennu. \s1 Phawuloos Ximootewoos Jajjabeesse \p \v 3 Ani yennaa maraa daadimata kiyya ka halkanii fi guyya'aa keessatti yennaa si qaabadhu, Waaqa akkuma abbootii tiyyaa wodanaa qullu'uun tajaajilu hin galateeffadha. \v 4 Imimmaan teeti qaabataa, akka gammadaan guutamu, si dhaggiisaaf guddoo barbaada. \v 5 Dhugeeffannaa dhuga'aa ta ati qaddu hin qaabadha; dhugeeffannaa akkasii akkoon teeti Lo'isii fi haati teeti Ewuniiqeen hin qabaniiyyu. Akka atille qaddu hubadheera. \v 6 Tanaaf kennaa Waaqi yennaa ani harka kiyya mataa keeti irra keye siif kenne, tuxxee akka gabbittu si qaabachiisa. \v 7 Ayyaanni Waaqi nu'uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu'uuti malee, Ayyaana soda'aatii moti. \p \v 8 Yoona, hunna Waaqi siif kenneen, Oduu Gammadaatiif na woliin rakkadhu malee, Goottaa keennaaf dhugaa bayuu yookiin marroo tiyya ka ani Kiristoosiif jedhee hidhame hin fokkifatin. \v 9 Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te'in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu'uun dura karaa Kiristoosiitiin nu'uuf kenname. \v 10 Amma ammoo karaa dhufiisa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii du'a balleessee, karaa Oduu Gammadaatiin jiru'uu fi badii irraa hafuu, gara ifaa fideetiin, nutti mudhifameera. \v 11 Ani Oduu Gammadaa tanaaf lallabaa, ergama'aa fi barsiisaa te'ee filameera. \v 12 Ani tanaaf rakkatiisatti jira. Ammoo eennutti akka dhugeeffadhe waan beekuuf isatti hin fokkifadhu; akkasuma waan maganne'een natti kenname, haga guyyaa sanii akka inni eeguu dande'u addadheera. \v 13 Barumsa fayyaalessa\f + \fr 1:13\fr*\fqa Fayyaalessa: \fqa*\ft Sirrii\ft*\f* akka fakkeennaatitti hordofiisaaf na irraa baratte, dhugeeffanna'aa fi jaalala tokkummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu jabeessii qabadhu. \v 14 Waan dansaa maganne'een sitti kenname san, hunna Ayyaana Woyyicha nu keessa jiruutiin eegi. \v 15 Worri biyya Asiya'aa keessa jiru duudiin, Fiigelosii fi Heromogenesis fa'alle akka na bagane hin beetta. \v 16 Oneesiforos yennaa hedduu waan na jajjabeesseef, Goottaan maatii isaatiif mararuu ti. Inni ani waan hidhameef hin fokkifanne; \v 17 ammoo akkuma biyya Rooma'aa geyeen, asii fi achi barbaadee na dhagge. \v 18 Guyyaa muumme'ee san Goottaan marartii isaaf godhu. Biyya Efesooniititti attam akka inni naaf ergame atinuu akka dansaa beetta. \c 2 \s1 Loltuu Dansaa Yesuus Kiristoosii \p \v 1 Ilma kiyya Ximootewoos, yoona badhaadha Yesuus Kiristoosiin dhaggamutti jabaadhu. \v 2 Dhugaa baatota hedduu duratti waan na irraa dhageette, namoota dhibii barsiisiisaaf worra dandeettii qabu, worra addatama'atti magannee kenni. \p \v 3 Akka loltuu dansaa Yesuus Kiristoosiititti, rakkoo nu woliin fudhadhu. \v 4 Nami hujii loltumma'aatiin tajaajilu tokko, ajajaa ifii gammachiisiisaaf mixiixxata malee, hujii dhibi'iin ifi hin hidhu. \v 5 Akkasuma nami rukke'een doggomu tokko, akka seeraatitti yoo doggome malee, badhaasa injifanno'oo hin dhaggatu. \v 6 Qonnaan bulaan elowee huju qooda midhaan sanii qara dhaggatuu qaba. \v 7 Goottaan waan duudi'iin hubantii waan sii kennuuf, waan ani jedhu qalbeeffadhu. \p \v 8 Akkuma ani Oduu Gammadaa keessatti lallabe, Yesuus Kiristoosii du'a keessaa ka'e, ka sanyii Daawitii keessaa dhalate, qaabadhu. \v 9 Ani Oduu Gammadaa waan lallabeef akka yakkaamessaa hidhameelle rakkataa jira. Jechi Waaqaa ammoo hin hidhamu. \v 10 Tanaaf, worri fooyame fayyinnaa fi ulfinna bara baraa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufu akka dhaggatuuf jedhee waan duuchii hin ossadha. \v 11 Dubbiin, \q1 «Isa woliin yoo duune, \q2 isa wolille'een jiraanna. \q1 \v 12 Yoo ittuma ossine \q2 isa woliin hin moona. \q1 Yoo isa mormanne, \q2 innille nu hin mormata.\x - \xo 2:12 \xo*\xt Mat. 10:33; Luq. 12:9\xt*\x* \q1 \v 13 Yoo nuuti addatamuu dhanne, \q2 inni waan ifi hin mormanneef, \q2 addatamee jiraata» jettu tun dhuga'a. \s1 Hojjataa Waaqaan Fudhatama Qabu \p \v 14 Waan kana isaan yaadachiis, akka jechoota irratti wol hin mormine Waaqa duratti isaan seeri. Wonni kun worra dhage'u balleessiti malee, dansa'aa moti. \v 15 Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri'itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu. \v 16 Dubbii Waaqi ittiin hin ulfaannee fi marii gowwittii, ta Waaqa irraa nama fageessitu irraa fagaadhu. \v 17 Barsiisi akkasii akka madaa foon nyaattee badhataa deentuu ti. Himnewoosii fi Filexoos worra dubbii akkasii dubbatane keessa jiran. \v 18 Isaan karaa dhuga'aa lakkisanee, du'aa ka'uun kanaan dura teeteerti jedhaa dhugeeffannaa worra gari'ii balleessaaran. \v 19 Teetuu malee hundeen Waaqi keye hin lellexxu; isii irratti, «Goottaan worra isaa ka te'e hin beeka», ammalle «Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hammeenna irraa deebi'uu ti» ta jettu barreeffanteerti. \p \v 20 Mana guddaa tokko keessa mey worqii irraa yookiin meetii irraa hujame callaa adoo hin te'in, mey muka irraa yookiin faara irraa hujame hin jiraata; mey kun gariin ulfinnaaf, kuun ammoo tajaajila ulfinna hin qanneef te'a. \v 21 Yoona worri waan hantuu duudii irraa ifi qulleessu, waan ulfinnaatiif te'a; sababille isaan fooyamanee, Goottaa isaaniitiif ka bu'aa qabanu waan te'aneef, hujii dansaa duudi'iif qophowaneeran. \v 22 Halchaa badduu dargaggumma'aa irraa baqadhu; worra gadhaa qullu'uun Goottaa waammatu woliin balchummaa, dhugeeffannaa, jaalalaa fi nageya hordof. \v 23 Moromaan gowwittiin bu'aa hin qanne lola akka fiddu waan beettuuf, irraa ifi eegadhu. \v 24 Tajaajilaan Gootta'aa ka lolu te'uu hin qabu. Inni nama duudi'iif arjaa, dansa'aa fi barsiisaa ossataa te'uu qaba. \v 25 Worra isa mormulle gadhi-laafinnaan gorsuu qaba. Akka isaan cubbuu irraa deebi'anee dhugaa beekanu, Waaqi carraa isaanii hin kenna fa te'a. \v 26 Yoo san isaan qalbii ifiititti deebi'anee, tiyyoo Seexanaa ta isaan qaddee fedha isaatiif akka ajajamanu goote jalaa hin bayan. \c 3 \s1 Hantuu Guyyaa Muumme'ee \p \v 1 Guyyoota muumme'eetitti yennaan rakkittu akka dhuttu beeki. \v 2 Namooti ka mataa ifii jaalatanu, ka beesee jaalatanu, ka ifi saadanu, kijiboota, ka nama arrassanu, ka worra ifiitiif hin ajajanne, ka galata hin qanne, ka woyyummaa hin qanne, \v 3 ka jaalala hin qanne, ka hin araaranne, ka maqaa namaa balleessanu, ka ifi hin qabanne, ka gadhaa jabaatanu, ka waan dansaa jibbanu, \v 4 ka dabarsanee nama kennanu, jajjartoota, ka ana malee jedhanu te'an; isaan Waaqa caalaa gammada jaalatan; \v 5 isaan dhugeeffannaa waan qabanu fakkaatan, ammoo hunna isi'ii mormataneeran. Worra akkasii irraa ifi eegadhu. \v 6 Isaan keessaa gariin gara mana namaa dhaqaa, dubartoota dadhadduu ta cubbuun irratti tuulantee, halchaa gara garaatiin asii fi achi oofantu, hin qabatan. \v 7 Dubartiin akkasii yennaa mara hin baratti, ammoo ijjumaayyuu dhugaa beekiisa bira hin geettu. \v 8 Akkuma Yaaneesii fi Yaamberes Muuse'een mormane, kolbaan qalbii isi'ii baddee fi dhugeeffannaa irraa jidde tun dubbii dhuga'aa mormiti. \v 9 Gowwummaan Yaaneesiitii fi Yaamberesii, nama duudi'itti akkuma beekkante, ta isaaniille nama duudi'itti waan beekkantuuf isaan ur hin geyanu. \s1 Gorsa Phawuloos Ximootewoosiif Kenne \p \v 10 Ati ammoo barsiisa kiyya, adaba kiyya, akeeka jiruu tiyyaa, dhugeeffannaa tiyya, ossata kiyya, jaalala kiyya, fi ciniinnadhee ossatuu kiyya hin beetta. \v 11 Miidha'aa fi rakkoo tiyya, ta Anxokiya'atti, Iqoniiyumii fi Lisxira'atti na dhaqqadde mara ossatuu kiyya hin beetta. Goottaan ammoo san duudii jalaa na hambure.\x - \xo 3:11 \xo*\xt HuE. 13:14-52; 14:1-7,8-20\xt*\x* \v 12 Akkasuma nami karaa Yesuus Kiristoosiitiin nama Waaqaa te'ee le'uu fedhu duudiin hin miidhama. \v 13 Worri hama'aa fi malaan nyaattuun worra dhibii dokonkorsaa ifille'eef dokonkoraa, hammeenna irraa gara hammeennaa ittuma deeman. \v 14 Ati ammoo waan barattee jabeessitee itti dhugeeffatte, eennuu fa'a irraa akka baratte waan beettuuf itti jabaadhu. \v 15 Ati Barreeffama Woyyicha, qarooma Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan fayyinni ittiin dhaggamu si'iif kenniisa dande'u ijoollummaa teetiin jalqaddee beetteerta. \v 16 Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma'aatitti qajeelchiisaaf bu'aa qabeessa. \v 17 Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te'ee, ka hidhatee qophowe akka te'u godha. \c 4 \p \v 1 Waaqaa fi Yesuus Kiristoosii worra jiruu fi worra du'elle'etti muru'uuf jiru duratti, deebi'ee dhufiisaa fi mootummaa isaa yaadataa jabeessee si gorsa. \v 2 Jecha Waaqaa lallabi; yennaan toltulle, toluu dhabaattulle qophow; ossa gudda'aan namoota balleessanu sirreessaa, xixaa, jajjabeessaa barsiisi. \v 3 Yennaan namooti barsiisa sirrii te'e dhage'uu jibbanu hin dhutti; isaan barsiisota hedduu ta akka fedhii isaaniititti, waan gurra isaaniitiif tolu isaan barsiittu wolitti raratan. \v 4 Isaan dubbii dhuga'aa dhage'uu didanee, gurra ifii gara oduu durii deebifatan. \v 5 Ati ammoo haala mara keessatti ititi; rakkoo ossadhu; hujii lallaba Oduu Gammadaa huji; hujii itti ergante mara muummessi. \p \v 6 Ani akka dhibaayyu'uu dhibaafamuu geyeera; yennaan ani du'u geetteerti. \v 7 Ani akka dansaa wodhaantoo qabadheera; doggommii tiyya fixadheera; dhugeeffannaa tiyyalle eegadheera. \v 8 Yoona ammaa achi badhaas balchumma'aa naaf qophoweera; badhaasa kana guyyaa san Goottaan balchichi naaf hin kenna; ana qofaaf adoo hin te'in, worra deebi'ee mudhinnaan dhufa isaa dharra'aan eegatu duudi'iif hin kenna. \s1 Yaadachiisa Phawuloosii \p \v 9 Ariiti'iin akka teete te'ii koy. \v 10 Sababille Deemaas biyya lafaa tana jaalatee, na lakkisee gara qachaa Tasalonqe'ee dhaqeera. Kiresqes biyya Galaatiya'aa, Tiitoos ammoo biyya Dalmaatiya'aa dhaqeera.\x - \xo 4:10 \xo*\xt Qol. 4:14; Film. 24; 2 Qor. 8:23; Gal. 2:3; Tit. 1:4\xt*\x* \v 11 Luqaas qofattuu na bira jira. Maarqoos huji'iin waan ana qarqaaruu dande'uuf, yennaa dhuttu isa fidii koy.\x - \xo 4:11 \xo*\xt Qol. 4:14; Film. 24; HuE. 12:12; 25; 13:13; 15:37-39; Qol. 4:10\xt*\x* \v 12 Xikiqoos ammoo gara qachaa Efesoonii ergeera.\x - \xo 4:12 \xo*\xt HuE. 20:6\xt*\x* \v 13 Yennaa dhuttu gorfa ani Kaarphoos biratti Xiro'aasitti lakkise, kitaabota maramaalle, keessattuu ka gogaa duugama'aan hujame naaf fidi. \p \v 14 Iskindiriin sibiila tumu akka malee na miidhe; Goottaan akkuma hujii isaatitti isaaf hin kenna.\x - \xo 4:14 \xo*\xt 1 Xim. 1:20; Rom. 2:6\xt*\x* \v 15 Inni dubbii teenna jabeessee waan mormeef, atille isa irraa ifi eegadhu. \p \v 16 Ani waan itti himatameef yennaa ani guyyaa qaraa dhiyaadhee falmadhe, duudiinuu na lakkisane malee, nami tokkolle na qarqaariisaaf hin dhunne. Tun isaanitti hin laakkowamin! \v 17 Ammoo ergaan isaa guutuun karaa kiyyaan lallabantee worri Yihudoota hin te'in duudiin akka dhage'anu, Waaqi cinaa tiyya dhaabbatee hunna naaf kenne. Afaan neenqaa irralle'ee na hambure. \v 18 Goottaan hammeenna hamaa duudii jalaa na baasee, gara mootummaa ol-gubba'aa nageyaan na hin geessa. Ulfinni baraa haga bara baraa isaaf te'u! Ameen. \s1 Nageya Muumme'ee \p \v 19 Phirisqiilaa, Aqiila'aa fi worra mana oneesiforosiititti nageya naa himi.\x - \xo 4:19 \xo*\xt HuE. 18:2; 2 Xim. 1:16-17\xt*\x* \v 20 Eraasxoos Qorontoositti hafe; Xirofimoosille waan dhibameeruuf ani qachaa Miilexoosiititti isa lakkise.\x - \xo 4:20 \xo*\xt HuE. 19:22; Rom. 16:23; HuE. 20:4; 21:29\xt*\x* \v 21 Adoo ganni hin dhufin akka teete te'ii koy. \p Yubuloos, Phudenis, Liinos, Kilaawudiiya'aa fi dhugeeffattooti\f + \fr 4:21\fr*\fqa Dhugeeffattooti: \fqa*\ft Kitaab Giriikii obboleeyyan jedha\ft*\f* dhibiille nageya sii dhaamaneeran. \p \v 22 Goottaan ayyaana keeti woliin jiraatu. \p Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.