\id 2TH - Guji Bible \ide UTF-8 \h 2 Worra Tasalonqe'ee \toc1 Ergaa Phawuloos Gara Worra Tasalonqe'ee Erge Ta Lammeesso'oo \toc2 2 Worra Tasalonqe'ee \toc3 2 Tas. \mt2 Ergaa Phawuloos \mt1 Gara Worra Tasalonqe'ee Erge \mt2 Ta Lammeesso'oo \imt Seensa \ip Gaaffiin marroo deebi'ee dhufiisa Kiristoosiitiif kaate, wol dhaba waan kaatteef rakkoon wolde'a kiristaana Tasalonqee keessa jirtuu o'ite. Ergaan Phawuloos gara worra Tasalonqe'ee barreesse ta lammeesso'oo, «Guyyaan dhufa Gootta'aa dhiyaateera» addii jettu irratti xiyyeeffatti. Phawuloos dhufa Kiristoosiitiin dura sooressiisa mormitoota Kiristoosiitiin ka, «Nama jallu'uu» jedhamuun, biyya lafaa irratti hammeennaa fi jalluun fakkanaa deenti jedhaa, dhugeeffannaa isaanii sirreessu'uuf wodhaana. \ip Worri dubbii tana dubbisu, rakko'oo fi farri yoo itti fakkanelle dhugeeffannaa ifiitiin jabaatee, innii fi worri hujii isaa qarqaaru akkuma godhanu, waan jireenna isaaniitiif barbaachisu dhaggatiisaaf jabaatanee akka hujanu, akkasuma hujii dansaa hujiisa irraa akka ifi hin qusanne jabeesse isaan gorsa. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-2\ior* \io1 Galataa fi Leellisa\ior 1:3-12\ior* \io1 Gorsa marroo deebi'ee dhufiisa Kiristoosii\ior 2:1-17\ior* \io1 Gorsa marroo adaba kiristaanaatiif kenname\ior 3:1-15\ior* \io1 Yaada buufataa\ior 3:16-18\ior* \c 1 \p \v 1 Phawuloos, Siilaasii fi Ximootewoos biraa: \p Wolde'a kiristaanaa ka Waaqa Abbaa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf:\x - \xo 1:1 \xo*\xt HuE. 17:1\xt*\x* \p \v 2 Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus Kiristoos nageyaa fi badhaadha isiniif kennu. \s1 Muraa Yennaa Kiristoos Deebi'ee Dhufu Kennantu \p \v 3 Obboleeyyan tiyya! Nuuti marroo teessaniif yennaa mara Waaqa galateeffatiisa qanna. Dhugeeffannaan teessan akka malee guddataa, jaalaltiin isin woliif qaddanulle ittuma waan dabalamiisatti jirtuuf, akkas tolchuun keenna sirri'i. \v 4 Tanaaf miidha'aa fi rakkoo isin dhaqqadde duudii keessatti waan ossattanee fi dhugeeffanna'aan jabaattaneef, nuuti wolde'oota kiristaanaa, ka Waaqaa keessatti isiniin ifi jajanna. \p \v 5 Wonni kun maraa, muraan Waaqaa qajeeltuu akka teetee fi isinille mootummaa Waaqaa ta rakkatiisatti jirtanuuf, ka maltane akka te'uuf jirtanu mirkaneessa. \v 6 Waaqi waan sirrii te'e huja; inni worra isin rakkisutti rakkoo fida. \v 7 Isin worra amma rakkatiisatti jirtanu, Yesuus ergantoota ifii hunnaameyyii woliin ol-gubbaa irraa yennaa mudhatu nu woliin tana jalaa isin baasa. \v 8 Inni ibidda bobe'uun mudhata; gaafa san worra Waaqa hin beennee fi Oduu Gammadaa ta Goottaa keenna Yesuusiitiif hin ajajane hin adaba. \v 9 Isaan fuula Gootta'aatii fi ulfinna hunna isaa irraa gargar bayanee, badii bara baraatiin adabaman; \v 10 tun guyyaa inni woyyoota ifii irraa ulfinna dhaggatiisaa fi worra dhugeeffatu duudii biralle'etti baaseffatamiisaaf dhufutti teeti. Isinille dhugaa baya teenna waan dhugeeffattaneef, woyyoota isaa woliin laakkowantan. \v 11 Waaqi keenna worra waamicha isaatiif male akka isin godhuuf, waan dansaa godhiisaaf halchaa qaddanuu fi hujii dhugeeffannaa teessanii mara hunna ifiitiin akka muummessuuf, nuuti yennaa mara isiniif daadimanna. \v 12 Akkasuma maqaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isiniin akka ulfaatuu fi isinille karaa badhaadha Waaqa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, akka isaan ulfaattanuuf daadimanna. \c 2 \s1 Nama Jallu'uu \p \v 1 Obboleeyyan tiyya! Marroo dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi marroo isa woliin wolitti qabamiisa keennaa akka beettanuuf, waan isin kadhannu qanna:\x - \xo 2:1 \xo*\xt 1 Tas. 4:15-17\xt*\x* \v 2 raagaan yookiin jechaan akka himametti, yookiin akka ergaa nu'u irraa isiniif barreeffantee gootanee «Guyyaan Gootta'aa dhiyaateera» jedhaa dattanee yaadaan hin raafamina'a, yookiin hin rifatina'a. \v 3 Finqilli adoo hin ka'in dura jallichi ilmi badi'iille adoo hin mudhatin guyyaan sun waan hin dhunneef, nami tokkolle karaa kamiinuu isin hin wollaalchisin. \v 4 Inni waan waaqa jedhamanu yookiin waaqonfatanu caalaa ifi ol qaba; ifille'een, «Ani Waaqa» jedhaa Galma Waaqaa keessa ifi teessisa. \p \v 5 Ani yennaa isin woliin jiru waan kana duudii akka isinitti hime hin qaabattanuu? \v 6 Yennuma isaatitti akka inni mudhatuuf amma waan isa dhooggu isinuu hin beettan. \v 7 Hunni dhossa'aa ta jallu'uu ammumaa hujiisatti jirti; ammoo wonni amma isa dhooggu haga karaa irraa kaatutti wonni sila te'uu malte hin teetu. \v 8 Achiin duuba jallaamessi sun hin mudhata; Goottaan Yesuus hafuura afaan ifiitiin isa ijjeesee, ulfinna deebi'ee dhufiisa ifiitiin isa balleessa. \v 9 Jallaamessi sun hunna Seexanaatiin bilbaasota, beessisaa fi baasota dharaa duudii hujaa dhufa.\x - \xo 2:9 \xo*\xt Mat. 24:24\xt*\x* \v 10 Akkasuma isaan waan hantuu mara hujiisaan worra badu gowwoonsan. Isaan dhugaa isaan fayyittu jaalatanee fudhatuu waan didaneef badan. \v 11 Tanaaf waan dhugaa hin te'in akka dhugeeffatanuuf, Waaqi hunna isaan wollaalchittu isaanitti erga. \v 12 Worra hantu'utti gammadee dhuga'atti hin dhugeeffanne duudi'itti akka murantuuf, wonni kun teete. \s1 Isin Fayyinnaaf Fooyantane \p \v 13 Obboleeyyan Gootta'aan jaalatantane, Ayyaanaan kolbaa woyyittii isaa teetanee, dhuga'atti dhugeeffatiisaan akka fayyitanuuf Waaqi worra jalqabaa godhee waan isin fooyateef, yennaa maraa marroo teessaniif, nuuti Waaqa galateeffatiisa qanna. \v 14 Ulfinna Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii akka dhaggattanuuf, karaa Oduu Gammadaa ta nuuti lallannuutiin Waaqi isin waameera. \v 15 Yoona obboleeyyan teenna, jabaadha'aa dhaabbadha'a; barsiisa jecha afaaniitiin yookiin ergaa barreeffamaan nu biraa isiniif ergantelle jabeessa'aa qabadha'a. \p \v 16 Amma Goottaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Waaqi Abbaan keenna ka nu jaalatee, badhaadha ifiitiin jajjabeenna bara baraatii fi addii jadduu nu'uuf kenne, \v 17 waan dansaa mara akka gootanuu fi akka dubbattanu gadhaa keessan jajjabeessee, isin jabeessa. \c 3 \s1 Nu'uuf Daadimadha'a \p \v 1 Muummeffata irratti, obboleeyyan teenna! Jechi Gootta'aa wodhakkaa teessanitti akkuma te'e, ariifatee akka badhatuu fi ulfaatu nu'uuf daadimadha'a. \v 2 Ammalle worri hedduun dhugeeffannaa waan hin qanneef, harka namoota yakkaameyyi'iitii fi dabaaleyyi'ii irraa akka inni nu baasu nu'uuf daadimadha'a. \p \v 3 Goottaan ammoo addatama'a; inni isin jajjabeessee, waan hantuu irraa isin eega. \v 4 Waan isinitti hinne akka hujaartanuu fi gara duraalle ittuma akka hujjanu Gootta'atti addii qanna. \p \v 5 Goottaan gadhaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara ciniinnatee ossiisa Kiristoosii isin qajeelchuu ti. \s1 Harka Maratanee Tee'iis Barbaachisa'aa Moti \p \v 6 Obboleeyyan teenna! Kiristaana harka maratee tee'uu fi akka barsiisa nu'u irraa fudhatetti hin leene irraa akka fagaattanu, maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya. \v 7 Nuuti yennaa isin bira turre harka marannee hin teenne. Fakkeenna keenna fudhatiisa akka maltane isinuu miidhaassitanee hin beettan. \v 8 Nuuti nama tokkolle'etti ba'aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa eloonnee hunye malee, sagalee nama tokkoolle akkasumaan hin nyaanne. \v 9 Wonni nuuti tana gooneef fakkeenna keenna akka fudhattanuuf malee, waan nu'uuf barbaachisu isin irraa dhaggatiisaaf baallii dhanneetii moti. \v 10 Nuuti yennaa isin bira jirru, «Nami hujiisa jibbu hin nyaatin» jennee ajaja isiniif kennineerra. \p \v 11 Isin keessa worri gariin ka harka maratee tee'u akka jiru waan dhageenneef tana jenna; isaan waan isaan hin galchine keessa galan malee, hujii tokkolle hin hujanu. \v 12 Namooti akkasii, miiranee akka hujatanuu fi waan ittiin bulanu akka dhaggatanu maqaa Goottaa Yesuusiitiin isaan ajanya; hin gorisinalle'e. \p \v 13 Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo waan dansaa hujiisa hin dadhabina'a. \v 14 Ergaa nuuti xalayaa kana keessatti isiniif ergineef, nami hin ajajanne yoo jiraate, hubadha'aa beeka'a; akka inni qaanowuufille waan tokkolle isa woliin hin tolchina'a. \v 15 Teetuu malee akka obboleessaatitti itti gorsa'a malee, akka diinaatitti hin laakkowina'a. \s1 Nageya Muumme'ee \p \v 16 Goottaan abbaan nageyaa, yennaa mara karaa maraan, inninuu nageya isiniif kennuu ti. Goottaan isin mara woliin jiraatu. \p \v 17 Ani Phawuloos harkuma kiyyaan nageya kana barreesse. Beessisi ergaa tiyya mara keessatti dhaggamu kana; akki ani barreessulle akkana. \p \v 18 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu.