\id 2SA - Guji Bible \ide UTF-8 \h 2 Saamu'elii \toc1 Kitaaba Saamu'elii Ka Lammeesso'oo \toc2 2 Saamu'elii \toc3 2 Sam. \mt1 Kitaaba Saamu'elii Ka Lammeesso'oo \imt Seensa \ip Kitaab Saamu'elii ka lammeesso'oo kitaaba Saamu'elii ka qaraatitti aanee, Daawiti duraan dursee gara kibbaatiin mootii Yihuda'aa (foora 1-4), duuba irra Israa'eloota gara kaabaa dabalatee kolbaa mara irratti mootii te'ee akka bulche dabarsii hintu (Foora 5-24). Kitaab kun Daawiti mootummaa ifii badhifatiisaa fi baallii ifii jabeeffatiisaaf, diinota ifii ka keessaatii fi ka alaa woliin attam akka wol lole miidhassee hima. Daawiti nama addii jadduu qabuu fi nama Waaqa jaalatu, kolbaa ifiitiifille nama addatamummaa qabu akka te'e himameera. Akkasuma yennaa tokko tokko hujii gadhi-jabeennaa nama hujuu fi fedhii yaada ifii muummeffatiisaaf cubbuu guddoo akka huje himameera. Te'uu malee raagichi Mootii Waan Maraa Naataan gara isaa dhaqee cubbuu isaa yennaa isatti beessise, inni cubbuu ifii faaci'atee adabbii Waaqi isatti erge fudhateera. \ip Jiruun Daawitiitii fi hujiin inni huje kolbaa Israa'elii guddoo waan gammachiitteef, bara hedduu Daawitiin duuba dhufe keessatti rakkinni yennaa kolbaa Israa'elii dhaqqabu mara, mootii dhibii yennaa fedhanu, ilma Daawitii yookiin sanyii Daawitii ka te'ee fi nama akka Daawitii bulchu dhaggatiisaaf fedhaniiyyu. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Daawiti Yihudaa Irratti Mootii Te'e\ior 1:1—4:12\ior* \io1 Daawiti Israa'el Mara Irratti Mootii Te'e\ior 5:1—24:25\ior* \io2 Woggoota Jalqabaa\ior 5:1—10:19\ior* \io2 Daawitii Fi Baat-Sheebaa\ior 11:1—12:25\ior* \io2 Rakkinnaa Fi Gaargala\ior 12:26—20:26\ior* \io2 Woggoota Dhumaa\ior 21:1—24:25\ior* \c 1 \s1 Daawiti Du'a Saa'olii Dhage'e \p \v 1 Saa'ol du'een duuba, Daawiti Amaaleqoota injifatee deebi'ee, qachaa Siiqlaagii keessa guyyaa lama ture. \v 2 Guyyaa sadeesso'oo nami gaddaan woyaa ifii tarsaasee bukuu mata'atti naqateeru tokko gara Daawitii dhufee, ulfinna Daawitiitiif lafatti gad gombifame. \v 3 Daawitille, «Eessaa dhutte?» jedhee isa gaafate. \p Innille deebisee, «Ani quttuma loltoota Israa'elootaa keessaa baqadhee dhufe» jedheen. \p \v 4 Daawitille, «Maanti maan te'e ree?» jedhee gaafate. \p Innille, «Namooti lola keessaa baqataneeran; nami bacaan du'eera; Saa'olii fi ilmi isaa Yonaataanille du'aneeran» jedhe. \p \v 5 Achiin duuba Daawiti, «Saa'olii fi ilmi isaa Yonaataan akka du'ane ati attam beette?» jedhee dargaggeessa oduu isatti hime san gaafate. \p \v 6 Dargaggeessi oduu tana isatti hime sun deebisee, «Akka tasaa, ani gaara Giilbo'aa gubbaa ol bayeeraayyu; achitti Saa'ol eboo ifiititti ciqilfatee adoo jiruu, garreettaan fardaan harkifamuu fi abbootiin fardaa ka Filisxeemotaa reebanee isa dhaqqabane. \v 7 Saa'ol yennaa garagalee na dhagge na waame; anille owwaadhe. \v 8 Inni, ‹Ati eennu?› jedhee na gaafate; anille, ‹Ani nama gosa Amaaleqootaa ti› jedhee deebise. \v 9 Achiin duuba inni anaan, ‹Ani farra guddoo keessa galee, du'uu geyeera; lubbuun tiyya ammoo na keessaa hin baane, koyii na ijjeesi› jedhe. \v 10 Maarre inni jigeen duuba akka hin hanne ani waan beekeef isa ijjeese; kallacha mataa isaa irra jiruu fi irmuura harka isaa irraa baasee kunoo si goottaa kiyyaaf fideera» jedhe. \v 11 Yennaa tana dhage'ane Daawitii fi namooti isa woliin jiranu marti gaddanee woyaa ifii tarsaasane. \v 12 Isaan lola keessatti shallaaga'aan waan ijjeefamaneef, Saa'olii fi ilma isaa Yonaataaniif, loltoota Mootii Waan Maraatii fi Israa'eloota maraaf gaddanee bowanee haga galgalaatitti laamane. \p \v 13 Daawiti dargaggeessa oduu tana isatti himeen, «Ati eessaa dhutte?» jedhee gaafate. \p Innille, «Ani ilma alaga'aa ta nama gosa Amaaleqootaa ti» jedhee deebise. \p \v 14 Daawitille, «Ati nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeesiisaaf maaf hin sodaanne ree?» jedhee isa gaafate. \v 15 Achiin duuba Daawiti namoota ifii keessaa nama tokko waamee, «Dhaqiitii, isa dhowii ijjeesi!» jedhe; innille isa dhowee ijjeese. \v 16 Daawitille isaan, «Ati, ‹Ani nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeeseera› jettee afaanuma keetiin dhugaa waan baateef, du'a keetiif si'umatti itti gaafatama» jedhe. \s1 Daawiti Marroo Saa'oliitii Fi Marroo Yonaataanii Faaruu Gaddaa Faarse \p \v 17 Daawiti marroo Saa'oliitii fi marroo ilma isaa Yonaataanii gaddee faarse. \v 18 Faaruu gaddaa ta daayaa tana kolbaa Yihuda'aa akka barsiisanu ajaje; faaruun gaddaa tun kitaaba, «Yaashaar» jedhamu keessatti barreeffanteerti. \q1 \v 19 Faaruun Gaddaa tun, «Ee, Israa'el ulfinni keeti \q2 koobota teeti dhedheertuu irratti jige; \q2 loltooti teeti janni attam attam du'ane? \q1 \v 20 Tana qachaa Gaatii keessatti hin odeessina'a; \q2 karaa qachaa Ashiqalonii keessatti hin lallabina'a. \q1 Durri Filisxeemotaa hin gammadin; \q2 durri worra haqanqabaa hin qabatinii hin firinxiixin. \b \q1 \v 21 «Ee gaarota Giilbo'aa \q2 wonteen worra jajjabaa waan battootteef, \q2 wonteen Saa'olii \q2 haganaa achi zayiti'iin waan hin haxowanneef, \q2 fixeensi yookiin bokkeenni isin irratti hin bu'in; \q2 fichaan keessan midhaan hin baasin. \q1 \v 22 Dhiiga worra du'ee irraa, \q2 cooma worra jajjabaa irraa, \q2 daayi Yonaataanii hin deebine; \q2 shallaagaan Saa'oliille tola hin deebine. \b \q1 \v 23 «Saa'olii fi Yonaataan yennaa lubbu'uun jiranu, \q2 worra jaalatamee fi worra jajame; \q2 yennaa du'anulle gargar hin baane. \q1 Isaan risaa caalaa worra ariifatu, \q2 neenqa caalaa worra jajjaba. \b \q1 \v 24 «Ee isin dubartoota Israa'elii \q2 nama woyaa liilana diima'aa isinitti uffisee, \q2 irmuura harka keessanitti keye, \q2 ka woyaa teessan seesa worqi'iitiin seeseef, \q2 Saa'oliif bowa'a. \b \q1 \v 25 «Worri jajjabi lola keessatti \q2 attam akkana du'ane \q2 Yonaataan kooba dheertuu teeti irratti du'eera. \b \q1 \v 26 «Ee obboleessa kiyya Yonaataan, \q2 ani si'iif gadda. \q1 Ati naaf jaalatama'a; \q2 jaalalli ati naaf qaddu ka maade'ee ti; \q2 jaalala dhiirti dubartootaaf qaddu caala. \b \q1 \v 27 «Worri jajjabi attam attam du'ane? \q2 Mey isaanii ka woraanaa \q2 attam attam bade?» ta jettu. \c 2 \s1 Daawiti Mootii Yihuda'aa Te'e \p \v 1 Kanaan duuba Daawiti, «Qachoota Yihuda'aa keessaa gara qachaa tokkoo ol bayuu?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. \p Mootiin Waan Maraa deebisee, «Eeti'i ol bayi» jedhe. \p Daawitille, «Gara qachaa kamii deema?» jedhee gaafate. \p Mootiin Waan Maraa deebisee, «Gara qachaa Kebroonii deemi» jedhe. \v 2 Maarre Daawiti niitota ifii lama Ahiino'aamii intala nama qachaa Yizre'eliitii fi Abigaayii ka Naabaal nami biyya Qarmelosii irraa du'e woliin gara qachaa Kebroonii ol baye. \v 3 Daawiti namoota isa woliin jiranu maatii isaanii woliin fuudhee deemee, isaanille qachaa Kebroonii keessa le'ane. \v 4 Achiin duuba namooti Yihuda'aa gara Kebroonii dhufanee, achitti Daawiti sanyii Yihuda'aa irratti mootii akka te'u muudane. \p Worri Saa'ol awwaalle namoota qachaa Yaabesh-Giil'aadii akka te'ane Daawititti yennaa himane, \v 5 Daawiti namoota qachaa Yaabesh-Giil'aadiititti namoota ergee, «Goottaa keessan Saa'ol awwaaliisaan arjummaa waan mudhittaneef, Mootiin Waan Maraa isin eebbisu; \v 6 Ammalle Mootiin Waan Maraa jaalala ifii ka bara baraatii fi addatamummaa ifii isinitti mudhisu! Isin tana waan gootaneef, anille akkasuma waan dansaa isiniif hin godha. \v 7 Goottaan keessan Saa'ol waan du'eef, sanyiin Yihuda'aa na muuddee mootii ifii na godhatteerti; tanaaf jabaadha'a! Jajjabaadha'a!» jedhe. \s1 Lola Mootummaa Daawitiitii fi Mootummaa Saa'olii Wodhakka'atti Te'e \p \v 8 Yennuma san ajajaan loltoota Saa'olii ilmi Neerii Abneer ilma Saa'olii Ish-Bosheet gara Mahanaayimii geessee, \v 9 lafa Giil'aadii, lafa Asheerii, lafa Yizre'elii, lafa Efreemiitii fi lafa Beniyaaminii irratti, Israa'el mara irralle'etti isa mootii godhe. \v 10 Ilmi Saa'olii Ish-Bosheet Israa'el irratti yennaa mootii te'e nama woggaa afurtamaa ti; inni woggaa lama bulche. \p Kolbaan Yihuda'aa ammoo Daawiti hordofane. \v 11 Daawiti qachaa Kebroon keessa tee'ee, woggaa torbaa fi ji'a jaa Yihudaa bulche. \p \v 12 Ilmi Neerii Abneer tajaajiltoota Ish-Bosheetii ilma Saa'olii woliin Mahanaayimii ka'anee, gara qachaa Giibe'onii dhaqane. \v 13 Yo'aab ilmi Zeruyaan deettee fi namooti Daawitii bayanee baleessa Giibe'onii biratti isaan woliin wolde'ane. Gareen Daawitii baleessa irraa as garanaan, gareen Ish-Bosheetii baleessa irraa gara kaaniin tee'ane. \v 14 Achiin duuba Abneer Yo'aabiin, «Dargaggooti teennaa fi teessan ka'anee nu duratti wol lolanuu ti» jedhe; \p Yo'aabille, «Dansa'a! Wol lolanuu ti» jedhee deebise. \p \v 15 Maarre, dargaggooti kudhanii lama gosa Beniyaaminii keessaa ilma Saa'olii Ish-Bosheetiif ka'anee dhaabbatanee laakkowamane; dargaggooti kudha lama Daawitiif ka'anee dhaabbatanee laakkowamane. \v 16 Achiin duuba nami tokko tokkooyyuu mataa diina ifii qabee shallaaga'aan cinaacha hordee woraanee wol qabatanee jigane; tanaaf addeen sun Giibe'on keessatti, «Helkaat-haazuriim\f + \fr 2:16 \fr*\fqa Helkaat-haazuriim: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Dirree shallaaga'aa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhante. \p \v 17 Lolli guyyaa sanii guddoo jabaatee, Abneerii fi namooti Israa'elii namoota Daawitiitiin injifatamane. \v 18 Ilmaan sadiin ta Zeruyaan deette Yo'aab, Abiishaayii fi Asaahel achi jiraniiyyu; Asaahel akka buddanne'ee nama ariiti'iin fiigu. \v 19 Inni gara middaa yookiin gara bita'aa adoo hin gorin Abneer ari'e. \v 20 Abneer ifi duuba ilaalee, «Ati Asaahelii?» jedhee isa gaafate; \p Asaahelille, «Eeti'i, anuma» jedhee deebise. \v 21 Achiin duuba Abneer isaan, «Gara middaa yookiin gara bita'aa goriitii, dargaggoota keessaa tokko qabiitii meya woraanaa ka isaa irraa fudhadhu!» jedhe; Asaahel ammoo isa ari'iisa hin lakkinne. \v 22 Abneer ammalle Asaaheliin, «Na ari'iisa lakkis! Ani maaf si ijjeesa? Fuula obboleessa keeti Yo'aabii attam te'ee ilaala?» jedhe. \v 23 Asaahel ammoo isa ari'iisa lakkisuu didate; maarre Abneer qaccee eboo ifiitiin gadhaa isaa woraanee, eboon duuddaan fullaatee baate. Asaahelille achumatti jigee du'e; nami marti addee Asaahel jigee du'e san yennaa geye achuma dhaabbate. \p \v 24 Yo'aabii fi Abiishaayi ammoo Abneer ari'ane; isaan adoo isa ari'anuu karaa gara goomolee Giibe'on geessu gara kooba Amaa ka Giiyaa biraa yennaa geyane aduun seente. \v 25 Achiin duuba namooti Beniyaaminii wolitti qabamanee Abneer bira dhufane; isaan garee tokko te'anee qaccee gaaraa irratti addee qabatane. \v 26 Abneer Yo'aab waamee, «Haga bara baraa shallaaga'aan wol lollaa ree? Dubbiin tun wol fixiisatti akka nu geessitu ati hin hubattuu? Namooti keeti obboleeyyan ifii ari'iisa akka lakkisanu ati maaf hin ajajin?» jedhe. \p \v 27 Yo'aab deebisee, «Dhugaa Waaqa jiraata'aa! Adoo ati tana hin dubbatin, namooti haga ganamaatitti obboleeyyan ifii ari'iisa hin lakkisanuuyyu» jedhe. \v 28 Maarre Yo'aab tultullaa afuufee, namooti marti Israa'el ari'iisa lakkisanee lollille dhaabbate. \p \v 29 Abneerii fi namooti isaa halkan ideemaa bulanee Arabaayi dabaranee deemane; laga Yordaanosii bu'anee bayanee, Bethiroon keessa dabaranee gara Mahanaamii dhufane. \p \v 30 Achiin duuba Yo'aab Abeneer ari'iisa lakkisee deebi'ee namoota ifii mara wolitti qabe; namoota Daawitii keessaa, Asaahel adoo itti hin dabalin namooti kudhanii sagal dhabamane. \v 31 Namooti Daawitii ammoo namoota Beniyaaminii ka Abneerii woliin jiranu keessaa namoota dhibba sadii fi jaatama ijjeesane. \v 32 Isaan Asaahel addee du'ee fuudhanee, addee awwaala abbaa isaa Betlihemitti awwaalane. Achiin duuba namooti halkan deemaa bulanee, yennaa latti bariitu lafa Kebroonii geyane. \c 3 \p \v 1 Lolli mootummaa Daawitiitii fi mootummaa Saa'olii wodhakkaa jiru yennaa bacaa ture; mootummaan Daawiti ittuma jabaataa deentee mootummaan Saa'olii ittuma dadhabaa deente. \s1 Ilmaan Daawitii \p \v 2 Daawiti Kebroon keessatti ilmaan jaa uumate; ilmi angafichi Amnoon ka Ahiino'aamiin Yizre'elittiin deette, \v 3 ka lammeesso'oo Kiile'aab ka niitiin Naabaalii nami biyya Qarmelosii irraa du'e, Abigaayil deette, Ka sadeesso'oo Abiishaalom ka intalti Talmaayii mootii Geshuurii Ma'akaan deette, \v 4 ka arfeesso'oo Adoniyaa ka Haagiiti deette, ka shaneesso'oo Shefaaxiyaa ka Abiixaal deette, \v 5 ka jayeesso'oo Yiite'aam ta niitiin Daawitii Eglaan deette; Daawiti isaan kana qachaa Kebroonii keessatti uumate. \s1 Abneer Daawiti Woliin wolii Gale \p \v 6 Mootummaa Saa'oliitii fi mootummaa Daawitii wodhakkaa lolli yennaa jiru, Abneer mootummaa Saa'olii irratti hunna ifii jabeeffataa ture. \p \v 7 Saa'ol gursumeettii Riizphaa intala Ayyaa qabaayyu; Ish-bosheet Abneeriin, «Ati gursumeettii abbaa kiyyaa woliin maaf ratte?» jedhee gaafate. \v 8 Abneer dubbii Ish-bosheet isatti dubatte kanaaf guddoo aaree, «Ani ka Yihuda'aaf golu nama saricha woy hin baane seetaa? Ani haga adhaa abbaa keeti Saa'oliif, mootummaa isaatiif, fira isaatille'eef addatamummaa qaba; si'ille harka Daawitiititti dabarsee hin kennine; ati ammoo cubbuu ani dubartittii tana woliin hujeef na himattaa? \v 9 Waadaa Mootiin Waan Maraa Daawitiif gale yoo ani hin muummessin Waaqi na balleessuu ti; ta tana caaltelle natti fiduu ti! \v 10 Mootummaan Sanyii Saa'olii irraa fuudhantee, Daawititti akka dabartu barcumaan mootummaa Daawitiille Daanii jalqabee haga Bersheeba'aatitti Yihuda'aa fi Israa'el irratti dhaabbatuu ti» jedhe. \v 11 Ish-Bosheet waan Abneer sodaateef dubbii tokkolle isatti hin dubbanne. \p \v 12 Achiin duuba Abneer namoota Daawititti ergee, «Lafa tana eentu bulcha? Ati wolii galtee na woliin godhadhu; Israa'elooti marti gara keeti akka deebitu ani si hin qarqaara» jedhe. \p \v 13 Daawitille, «Dansa'a! Ani wolii galtee si woliin hin godhadha; ammoo waan tokko si irraa barbaada; gara kiyya yennaa dhuttu, intala Saa'olii Mikaal yoo hin fidin, na bira hin dhufin» jedhe. \v 14 Achiin duuba Daawiti namoota gara Ish-Bosheetii ergee, «Niitii tiyya Mikaal ta ani fuudhiisaaf, Filisxeemota dhibba tokko yakkadhee shoggoraa isaanii maraa isi'ii kenne, naaf galchi» jedhe. \v 15 Maarre Ish-bosheet namoota ergee, Mikaal abbaa manaa isi'ii ilma Laa'iishii Phalaati'el jalaa fuudhe. \v 16 Abbaan manaa isi'ii haga qachaa Bahurii bowaa isii gula deeme; achiin duuba Abneer isaan, «Gara mana keetii deebi'i!» jedhe; maarre innille deebi'e. \p \v 17 Abneer jaarsolee Israa'elootaa woliin mari'atee, «Isin kanaan qara Daawiti mootii akka isiniif te'u barbaadaneertaniiyyu; \v 18 Mootiin Waan Maraa, ‹Karaa tajaajilaa kiyya Daawitiitiin kolbaa tiyya Israa'el harka Filisxeemotaatii fi harka diinota isaanii jalaa hin baasa› jedhee, waadaa waan galeef, tana ammumaa godha'a» jedhe. \v 19 Abneerille kolbaa Beniyaaminiititti tanuma hime; achiin duuba inni Israa'elii fi sanyiin Beniyaaminii waan godhiisaaf barbaadane mara Daawititti himiisaaf gara Kebroonii dhaqe. \p \v 20 Abneer namoota diddama woliin gara Daawitii Kebroon yennaa dhufe, Daawiti Abneerii fi namoota isa woliin jiranuuf areertii qopheesse. \v 21 Achiin duuba Abneer Daawitiin, «Si woliin akka gondooroo godhatanu, atille waan fedhii keetii mara akka bulchitu, dafee dhaqee goottaa kiyya mootichaaf, Israa'eloota mara wolitti qaba» jedhe; maarre Daawiti Abneer geegessee, innille nageyaan deeme. \s1 Yo'aab Abneer Ijjeese \p \v 22 Namooti Daawitiitii fi namooti Abneerii yennuma san boojuu bacaa fudhatanee duula irraa deebi'ane; Daawiti nageyaan waan isa geegesseeruuf, Abneer Kebroon keessa hin jiruuyyu. \v 23 Yo'aabii fi loltooti isa woliin jiranu marti achi yennaa geyane, ilmi Neerii Abneer gara mootichaa akka dhufe, mootichille isa geegesseen inni nageyaan akka deeme Yo'aabitti himane. \v 24 Maarre Yo'aab gara mootichaa dhaqee, «Wonni ati goote kun maan? Ilaa, Abneer gara keeti dhufeeruun maaf akka inni deemu goote? \v 25 Ati ilma Neerii Abneer hin beetta; inni si sobee bayaa fi gala keeti beekee, waan ati huju mara dooyiisaaf dhufe» jedhe. \p \v 26 Achiin duuba Yo'aab Daawiti biraa deemee, Abneer akka fidanuuf namoota erge; namootille baleessa, «Siiraa» jedhamu biratti dhaqqabanee isa deebisane; Daawiti ammoo waan kana hin beenne. \v 27 Abneer gara Kebroonii yennaa deebi'e, Yo'aab qofuu isa dubbisuu akka barbaadee gara karraa isa geesse; achitti haluu dhiiga obboleessa ifii Asaahelii bayiisaaf gadhaa isaa woraanee ijjeese. \v 28 Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, «Marroo dhiiga Abneerii ilma Neeriitiif ani fi mootummaan tiyya Mootii Waan Maraa duratti haga bara baraa yakkaa hin qannu; \v 29 dhiigi Abneerii kun matuma isaatii fi sanyii abbaa isaa irratti te'uu ti; nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u yookiin nami dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu yookiin nami naafate yookiin nami shallaaga'aan du'u yookiin nami sagalee hin qanne sanyii Yo'aabii keessaa hin dhabamin» jedhe. \v 30 Abneer lola Giibe'onii keessatti obboleessa isaanii Asaahel waan ijjeeseef obboleeyyan isaa Yo'aabii fi Asiishaay isa ijjeesane. \p \v 31 Achiin duuba Daawiti Yo'aabii fi namoota isa woliin jiranu maraan, «Woyaa teessan tarsaasa'aatii, woyaa gaddaa uffadha'aa, bowaa reeffa Abneeriitiin dura deema'a» jedhe; mootichi Daawitille guyyaa awwaalaa raree reeffa Abneerii gula deeme. \v 32 Isaan Abneer Kebroonitti awwaalane; mootichille addee awwaala Abneerii biratti qoonqoo ifii ol qabatee bowe; kolbaalle martinuu bowane. \v 33 Mootichi Abneeriif faaruu gaddaa faarsee, \q1 «Abneer akka nama gatii hin qannee \q1 du'uutii ree? \q1 \v 34 Harki keeti hin hidhanne; \q2 miilli keetille \q2 wodaroo sibiilaatiin hin hidhanne; \q2 ati akka nama namoota hamoolee duratti du'uu duute» jedhee faarfate. \m Kolbaan martinuu ammalle isaaf bootte. \p \v 35 Achiin duuba kolbaan marti gara Daawitii dhuttee akka inni sagalee nyaatuuf kadhatte; Daawiti ammoo, «Haga aduun seentutti daabboo yookiin woy afaaniin yoo qabe, Waaqi na ijjeesuu ti» jedhee kakate. \v 36 Kolbaan marti tana yaadattee, itti gammadde; wonni mootichi godhe marti isaan gammachiise. \v 37 Maarre guyyaa san kolbaan marti, Israa'elootille martinuu ijjeefamiisa Abneerii ilma Neerii mootichi akka keessa hin jirre beekane. \v 38 Achiin duuba mootichi kolbaa ifiitiin, «Guyyaa adhaa qondaalli nami guddaan Israa'el keessatti akka du'e hin beennee? \v 39 Ani adha mootii muudame te'ulle, nama dadhaba'a; ilmaan Zeruyaan deettee na irratti jabaatteerti; worra hantuu huju akkuma hujii isaaniititti, Mootiin Waan Maraa isaan adabuu ti» jedhe. \c 4 \s1 Ish-bosheet Ijjeefame \p \v 1 Abneer qachaa Kebroonii keessatti akka ijjeefame ilmi Saa'olii Ish-bosheet yennaa dhage'e, nayee harki irraa bu'e; kolbaan Israa'eliille martinuu guddoo rifatte. \v 2 Ilmi Saa'olii Ish-bosheet ajajjoota loltootaa namootaa lama qabaayyu; maqaan tokkoo Ba'ana'a, ta kaanii Rekaab; isaan gosa Beniyaaminii keessaa ilmaan Rimoonii nama qachaa Berootii ti; Berooti kutaa Beniyaaminiititti laakkowanti. \v 3 Kolbaan Berootii gara Giitaayimii baqattee haga adhaa alagaa teetee achi leeti. \p \v 4 Ilmi Saa'olii Yonaataan ilma miila lamaanuu laashowe tokko qabaayyu; yennaa Saa'olii fi Yonaataan ijjeefamanu inni nama woggaa shanii ti; oduun isaan ijjeefamane Yizre'el keessatti yennaa dhage'antu ta isa guddittu isa ba'attee ariiti'iin adoo baqattuu inni isii irraa bu'ee laashowe. Maqaan isaalle Mefii-Boshet. \p \v 5 Ilmaan Rimoonii nama biyya Berootii Rekaabii fi Ba'anaan gara mana Ish-Bosheetii dhaqiisaaf ka'anee, inni saafowa foorfatiisaaf taqee irraa irkatee adoo jiruu, yennaa aduun o'itu san achi geyane; \v 6 akka nama qamadii barbaadataaruu gara manaa seenanee gadhaa isaa woraanane; achiin duuba Rekaabii fi obboleessi isaa Ba'anaan laana bayanee deemane. \v 7 Isaan Ish-bosheet kolloo ifii keessa taqee irraa adoo irkatee jiruu seenane; isaan isa woraananee ijjeesaneen duuba mataa isaa muranee fudhatanee halkan guutuu karaa Arabaayii deemane. \v 8 Mataa Ish-Bosheetii san Kebroonitti gara Daawitii mootichaa fidanee, «Mataan diina keeti Ish-Bosheetii ilma Saa'olii ka si ijjeesiisaaf barbaadee kunoo ti; guyyaa adhaa Mootiin Waan Maraa si goottaa mooticha keennaaf, Saa'olii fi sanyii isaatiifille haluu bayeera» jedhane. \p \v 9 Daawitille ilmaan Rimoonii nama biyya Berootii Rekaabii fi obboleessa isaa Ba'ana'aan, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka rakkoo mara jalaa na baasee, \v 10 akka waan oduu dansaa natti himee, nama, ‹Saa'ol du'eera› jedhee natti hime, ani isa qabee Siiqlaagitti ijjeese; oduu inni natti himeef badhaasi ani isaaf kenne kana. \v 11 Eegasuu, nama yakkaa hin qanne ka manuma ifii keessa taqee ifii irra irkate san, worra hamoolee isa ijjeesane san ani attam irra caalaa adabuu dhaba ree? Ani dhiiga isaa harka keessan keessaa barbaadee lafa irraa isin hin balleessuu ree?» jedhe. \v 12 Maarre Daawiti namoota ifii ajajee, isaanille isaan ijjeesanee harkaa fi miila isaanii muranee, reeffa isaanii baleessa Kebroon bira jiru biratti fannisane; mataa Ish-Bosheetii ammoo fuudhanee qachaa Kebroonii keessatti addee awwaala Abneerii biratti awwaalane. \c 5 \s1 Daawiti Mootii Israa'elii Te'e \p \v 1 Gosi Israa'elii marti Kebroonitti gara Daawitii dhufanee, «Nuuti dhiigaa fi foon keeti; \v 2 kanaan qara, yennaa Saa'ol mootii keenna te'eerulle, nami Israa'eloota sooresse si'i; Mootiin Waan Maraalle, si'iin, ‹Kolbaa tiyya Israa'el hin tissita; bulchaa isaanille hin teeta› jedheeraayyu» jedhane. \v 3 Maarre jaarsoleen Israa'elii marti Kebroonitti gara Daawitii mootichaa dhufane; mootichi Daawiti Kebroonitti Mootii Waan Maraa duratti isaan woliin gondooroo godhate; isaanille Daawiti muudanee Israa'el irratti mootii godhane. \v 4 Daawiti yennaa mootii te'e, nama woggaa soddomaa ti; inni woggaa afurtama bulche. \v 5 Inni Kebroon keessa tee'ee woggaa torbaa fi ji'a ja kolbaa Yihuda'aa bulche; Yerusaalem keessalle tee'ee, woggaa soddomii sad kolbaa Israa'elii maraa fi kolbaa Yihuda'aa bulche. \s1 Daawiti Qachaa Yerusaalemii Qabate \p \v 6 Mootichi Daawitii fi namooti isaa Yibusoota qachaa Yerusaalemii keessa le'anu loliisaaf itti duulane; Yibusooti, «Daawiti asi seenuu hin dande'u» jedhanee waan yaadaneef, Daawitiin, «Worri balla'aa fi naafinuu waan si dhoogganuuf, ati asi hin seentu» jedhane; \v 7 te'uu malee Daawiti kushee Xiyoonii qabatee, addeen sun, «qachaa Daawitii» jedhante. \p \v 8 Guyyaa san Daawiti, «Nami Yibusoota worra balla'aa fi naafa, diinota Daawitii injifatiisaaf barbaadu, xurree bisaan yaa'u ta lafa jalaatiin dabaruu ti» jedhe; kanaaf, «Balla'aa fi naafi mana mootumma'aa hin seenanu» jedhamane. \p \v 9 Daawiti kushee Xiyoonii qabate san keessa le'ee, «Qachaa Daawitii» jedhee moggaase; inni kaabii, «Miiloo» jedhantuun kaasee itti naannessee gara keessaatitti kushee qacha'aa jabeessee ijaare. \v 10 Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u isa woliin waan jiruuf, Daawiti ittuma jabaataa deeme. \p \v 11 Mootiin Xiiroosii Hiiraam namoota ifii muka hindheensa, worra muka bocuu fi worra dhakaa bocu woliin gara Daawitii erge; isaanille Daawitiif mana mootumma'aa ijaarane. \v 12 Daawitille akka Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti mootii isa godhee fi sababa kolbaa ifii Israa'eliitiif jedhee mootummaa isaalle akka guddise beeke. \p \v 13 Daawiti qachaa kebrooniitii ka'ee gara Yerusaalemii deemeen duuba, achitti gursumeeyyi'ii fi niitota dhibii dabalee fuudhee, ilmaanii fi durri dhibiin isaaf dhalatane. \v 14 Maqaan ilmaan isaa ka Yerusaalem keessatti isaaf dhalatane: Shaamuwaa, Shobaab, Naataan, Solomoon, \v 15 Yiibhaar, Eliishuwaa, Nefeg, Yaafii'aa, \v 16 Eliishaamaa, Eliyaada'aa fi Eliifelex fa'a. \s1 Daawiti Filisxeemota Injifate \p \v 17 Daawiti muudamee mootii Israa'elii akka te'e, Filisxeemoti yennaa dhageette, marti isaanii isa barbaadiisaaf bayane; Daawiti ammoo tana dhage'ee gara kushee ifii gad bu'e. \v 18 Filisxeemotille dhufanee, dhooqa Refaa'iimii keessa bittinnowanee addee qabatane. \v 19 Maarre Daawiti, «Worra Filisxeemotaatitti duuluu? Ati harka kiyyatti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. \p Mootiin Waan Maraa deebisee, «Eeti'i, duuli, anille dhugumaan Filisxeemota harka keetitti dabarsee hin kenna» jedhe. \p \v 20 Maarre Daawiti gara Ba'aal-Pheraaziimii dhaqee, achitti Filisxeemota lolee injifate. Inni, «Akkuma lolaan bisaanii jabaan ededa caccassu, Mootiin Waan Maraa diinota kiyya fuula kiyya duratti bittinneesse» jedhee, maqaa addee sanii, «Ba'aal-Pheraaziim\f + \fr 5:20 \fr*\fqa Ba'aal-Pheraaziim: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin Mootiin Waan Maraa caccassuu ti \fqa*\ft jechu'u. \ft*\f*» jedhe. \v 21 Worri Filisxeemotaa waaqota ifii achitti lakkisanee waan baqataneef, Daawitii fi namooti isaa waaqota isaanii san fudhatane. \p \v 22 Filisxeemoti ammalle dhufanee dhooqa Refaa'iimii keessa bittinnowanee addee qabatane. \v 23 Maarre Daawiti Mootii Waan Maraa gaafate; Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Gara duubaatiin marsiitii mukoota harru'uu duratti isaan loli malee, fuula duraan itti hin dhaqin. \v 24 Qaccee mukoota harru'uu gubba'atti hirba duulaa yennaa dhageette, ani Mootiin Waan Maraa loltoota Filisxeemotaa loliisaaf si'iin dura waan bayeef, ariiti'iin gara duraa deemi» jedhe. \v 25 Maarre Daawiti akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhee, worra Filisxeemotaa Giibe'onii haga Gezerii ari'e. \c 6 \s1 Daawiti Saanduqa Gondooro'oo Gara Yerusaalemii Fide \p \v 1 Daawiti ammalle Israa'eloota keessaa namoota filamane kuma soddoma wolitti qabe. \v 2 Daawitii fi namooti isaa marti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, ka maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irra tee'eeruutiin waamame, qachaa Ba'aalaa ka Yihudaa keessaatii fidiisaaf achi deemane. \v 3 Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa garreettaa fardaan harkifamu haareya irra keyanee, mana Abinaadaabii ka kooba irra jiru keessaa fuudhanee fidane; ilmaan Abinaadaabii Uzaa fi Ahiiyon garreettaa fardaan harkifamu haareya san, \v 4 Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa irra jiruun yennaa oofanu, Ahiiyoti duraan deemaayyu. \v 5 Daawitii fi kolbaan Israa'elii duudiin, kiraara guddichaan, maseenqo'oon, dibbe'een, bilibilaa fi sibiila qilillisuun hunna ifii guutu'uun faaruu faarsaa ulfinna Mootii Waan Maraatiif firinxiixane. \p \v 6 Isaan eeddummee Naakonii bira yennaa geyane, qotiyyooti garreettaa san harkittu waan gufatteef, Uzaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa hiixatee qabe. \v 7 Uzaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa waan faanshesseef, aariin Mootii Waan Maraa isa irratti bobeette; tanaaf Waaqi isa xixee, inni Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa biratti achumatti du'e. \v 8 Mootiin Waan Maraa aaree Uzaa waan ijjeeseef, Daawiti aare; addeen sun haga adhaa, «Pherez-Uzaa\f + \fr 6:8 \fr*\fqa Pherez-Uzaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa badiisa Uza'aa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhanti. \p \v 9 Daawiti guyyaa san Mootii Waan Maraa waan sodaateef, «Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa attam gara kiyya dhufuu dande'a ree?» jedhe. \v 10 Maarre Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa san gara qachaa ifii geessiisa waan hin barbaanneef, gara mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii geesse. \v 11 Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii keessa ji'a sad ture; Mootiin Waan Maraalle Obed-Edoomii fi maatii isaa mara eebbise. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa Obed-Edoomii fi maatii isaa, waan inni qabu maralle sababa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif akka eebbise mooticha Daawititti himane; maarre Daawiti achi dhaqee Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa mana Obed-Edoomiitii gara qachaa ifii gammada gudda'aan fide. \v 13 Worri Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'ate tarkaaffii jaa akkuma deemanuun, Daawiti korma tokkoo fi dardara cooma tokko ciincaa dhikeessaayyu. \v 14 Daawiti woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee hunna ifii guutu'uun Mootii Waan Maraa duratti firinxiixe. \v 15 Akka kanaan Daawitii fi kolbaan Israa'elii marti ilillisaa, tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ol fidane. \p \v 16 Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa qachaa Daawitii yennaa galu intalti Saa'olii Mikaal foddaa manaatiin ilaalte; mootichi Daawiti Mootii Waan Maraa duratti utaalaa firinxiixuun dhaggitee, gadhaa ifii keessatti isa tuffatte. \v 17 Namooti Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa fidanee, dunkaanii Daawiti dhaabe keessa addee inni qopheesse keyane; Daawitille kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Mootii Waan maraa duratti dhikeesse. \v 18 Daawiti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesseen duuba, maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin kolbaa eebbise. \v 19 Daawiti kolbaa Israa'elii dhiiraa fi dubartii duudi'iif tokko tokkoo isaaniitiif, daabboo tokko tokko, foon gumaa tokko tokkoo fi xaltaa midhaan woyni'ii tokko tokko qoode; achiin duuba kolbaan marti gara mana ifii deemane. \p \v 20 Daawiti maatii ifii eebbisiisaaf gara mana ifii yennaa deebi'e, intalti Saa'olii Mikaal isa fudhatiisaaf gad baatee, «Mootiin Israa'elii adha dubartoota tajaajiltoota qondaaltota isaa duratti akka nama bu'aa hin qannee qullaa dhaggamiis ulfinna attamii ti!» jette. \p \v 21 Daawiti deebisee Mikaaliin, «Mootii Waan Maraa ka abbaa keeti yookiin worra mana isaa keessa jiranu caalaa, kolbaa ifii Israa'el irratti na muudee mootii na godhe duratti gammadee firinxiixe. Ammalle ani Mootii Waan Maraa duratti hin firinxiixa. \v 22 Ani tana caalaa isa duratti ifi gad hin qaba; ila teeti duratti hin salphadha. Te'uu malee, garboolee ati maqaa dhootte duratti ammoo ulfinna hin dhaggadha» jedhe. \v 23 Tanaaf, intalti Saa'olii Mikaal adoo hin deyin duute. \c 7 \s1 Waadaa Mootiin Waan Maraa Daawitiif Gale \p \v 1 Mootiin Waan Maraa diinota adaala isaa jiranu mara irraa foora isaaf kennee, mootichi Daawiti mana mootummaa ifii keessa nageyaan le'een duuba, \v 2 raagicha Naataaniin, «Kunoo ani mana mootumma'aa ka muka hindheensaatiin ijaarame keessa le'a; Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa ammoo dunkaanii keessa jira» jedhe. \p \v 3 Naataanille mootichaan, «Mootiin Waan Maraa si woliin waan jiruuf waan yaadde mara godhi» jedhe. \v 4 Galgaluma san jechi Mootii Waan Maraa gara Naataanii dhufee, \v 5 «Dhaqiitii, tajaajilaa kiyya Daawitiin Mootiin Waan Maraa, ‹Mana ani keessa le'u ka anaaf ijaaru si'ii moti. \v 6 Ani kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa haga baasee jalqabee haga adhaa dunkaanuma keessa jiraataa, asii fi achi deemaa ture malee mana keessa hin leene. \v 7 Israa'eloota mara woliin addee deeme maratti kolbaa tiyya Israa'el akka tissanuuf sooressitoota ajaje keessaa tokkolleen: Muka hindheensaatiin mana naaf maaf hin ijaarre? Jedhee beekaa?› jedhi. \p \v 8 «Ati ammalle tajaajilaa kiyya Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade: Ati kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf, addee horii itti tiffatanu, hoolee tissiisatti jirtuun si fuudhe; \v 9 ani addee ati dhaxxe mara si woliin jiraadhee, diinota keeti si duraa balleesseera; amma akkuma worra gugurdaa maqaan isaanii lafa irratti beekkamee, maqaan keetiille akka beekkamu hin godha. \v 10 Kolbaan tiyya Israa'el addee ifii akka qabaatanuu fi haganaa achii akka hin sarbanne\f + \fr 7:10 \fr*\fk Hin sarbanne: \fk*\fqa Sarbama jechuun raafama yookiin jeeqama jechu'u \fqa*\f*, addee le'anu isaaniif hin kenna; haganaa achi kolbaan hamooleen akka qaraa isaan hin cunqursitu. \v 11 Abbootii mura'aa isaaniif haga muudeen jalqabanee kolbaan hamooleen akka isaan irratti godhaa turane, haganaa achi isaan irratti hin godhanu; ani diinota keeti mara irraa si hin foorfachiisa. Ani Mootiin Waan Maraatuu mana si'iif hin ijaara. \v 12 Barri keeti geyee, duutee, abbootii teeti biratti yennaa awwaalantu, sanyii teeti keessaa ilma keeti tokkocha addee teetitti mootii hin godha; mootummaa isaalle hin jabeessa. \v 13 Maqaa kiyyaaf nami mana ijaaru isa; anille barcumaa mootummaa isaa haga bara baraa isaaf hin jabeessa. \v 14 Ani abbaa isaaf hin te'a; innille ilma kiyya hin te'a; yoo inni balleesse ammoo ulee nami adabamuun isa hin adaba; akkuma ijoolleen liche'een dikantu isa hin dika. \v 15 Garuu Saa'olii si duraa kaase irraa jaalala kiyya ka bara baraa akkuma kaase, isa irraa hin kaasu. \v 16 Manni keetii fi mootummaan teeti na duratti haga bara baraa jabaattee hin dhaabbatti; barcumaan mootummaa teetiille haga bara baraa jabaatee hin dhaabbata jedha› jedhi» jedhe. \p \v 17 Naataan jecha mudhii tanaa mara Daawititti hime. \s1 Daadimata Daawitii \p \v 18 Achiin duuba mootichi Daawiti dhaqee, Mootii Waan Maraa dura tee'ee, «Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, ati ka ana asi geessitte, ani eennu? Sanyiin tiyyalle maan? \v 19 Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, tun si hanqannaan, marroo sanyii tajaajilaa keetii ta gara duraa dubbatteerta; ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, kun waan ati yennaa mara namaaf gootuu? \v 20 Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, ati ana tajaajilaa keeti waan beettuuf, tana caalaa maan si'iin jedhuu dande'a ree? \v 21 Akka jecha keetiitii fi akka yaada gadhaa keetii waan guddaa kana gootee, ana tajaajilaa keetitti beessitteerta. \v 22 Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, ati attam attam gudda'a! Ka akka keetii tokkolle hin jiru; akkuma gurra keennaan dhageenne, si malee Waaqi dhibiin hin jiru. \v 23 Kolbaa teeti godhatiisaaf ka ati wodatte, ka ati dura isaanii deentee, maqaan keeti akka beekkamuuf, gosa biyya adda addaatii fi waaqota dharaa ka isaanii ka isaan duraa balleessite, waan gugurdo'oo fi maade'ee ta sodaachittu isaaniif gootee, ka biyya Gibxi'iitii baatte, kolbaa teeti Israa'elii malee kolbaan dhibiin lafa irra jirtii? \v 24 Ee, Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti Israa'el haga bara baraa kolbaa teeti godhattee, isaaniif Waaqa teeteerta. \p \v 25 «Ammalle ee, Mootii Waan Maraa Waaqa, marroo tajaajilaa keetiitii fi sanyii isaatiif waadaa galte haga bara baraa jabeessi; akkuma dubbatte muummessiif. \v 26 Achiin duuba, maqaan keetille haga bara baraa guddaa hin te'a; namootille, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, Waaqa Israa'elii ti› hin jedhan; sanyiin tajaajilaa keeti Daawitiille si duratti jabaattee hin dhaabbatti. \v 27 Ee, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, Waaqa Israa'elii, ‹Ani si'iif mana hin ijaara› jettee tana tajaajilaa keetitti mudhitteerta; maarre ani tajaajilaan keeti daadimata kana gara keeti dhikeeffatiisaaf sitti guuleera. \p \v 28 «Ee, Goottaa Mootii Waan maraa, ati Waaqa! Jechi keetille addatama'a; waan dansaa kana godhiisaaf tajaajilaa keetiif waadaa galteerta. \v 29 Akka si duratti haga bara baraa jabaatee le'u, maganne'e sanyii tajaajilaa keetii ammalle eebbisi! Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, tana atuu waan dubbatteef, eebba keetiin sanyiin tajaajilaa keetii haga bara baraa hin eebbifanti» jedhe. \c 8 \s1 Daawiti Injifannoo Dhaggate \r (1 Dab. 1:1-18) \p \v 1 Kanaan duuba mootichi Daawiti Filisxeemota lolee injifatee, qachaa Mateg-Amayii ta isaan qara qabatane harka Filisxeemotaatii baase. \p \v 2 Daawiti Mo'aabotalle injifate; namoota booji'e lafatti irkisee wodaro'oon isaan mike\f + \fr 8:2 \fr*\fqa Mike: \fqa*\ft Hagam akka isaan dheeratanu ilaale.\ft*\f*; worra wodaro'oon mikame keessaa harka lama ijjeesee, harka tokko lakkise; maarre worri Mo'aabotaa tajaajiltoota isaa te'anee isa gabbarane. \p \v 3 Kana maleelle Daawiti lafa laga Efraaxiisii bira jirtu deebisee qabatiisaaf yennaa dhaqe, mootii Zobaa ilma Rehoobii Hadaad-Ezer lolee, \v 4 garreettaa fardaan harkifamu ka isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota miilaa kuma diddama booji'e; garreettaa fardaan harkifamu dhibba tokko callaa hamburee, kaan maraa mogolee ciccire. \p \v 5 Namooti Sooriya'aa worri Damaasqoo keessa le'anu, mootii Zobaa Hadaad-Ezer qarqaariisaaf yennaa dhufane, Daawiti isaan keessaa namoota kuma diddamii lama ijjeese. \v 6 Achiin duuba mootummaa Damaasqo'oo Aaram keessatti quttuma loltootaa godhate; worri Sooriya'aa tajaajiltoota isaa te'anee isa gabbarane; Mootiin Waan Maraalle addee Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne. \v 7 Daawiti wontee worqii irraa hujante ta qondaaltota Hadaad-Ezerii fudhatee gara Yerusaalemii fide. \v 8 Mootichi Daawiti qachoota Hadaad-Ezerii, Bexa'aa fi Berootaayi keessaa sageettuu bacaa guurate. \p \v 9 Mootiin Haamaatii To'i akka Daawiti loltoota Hadaad-Ezerii mara injifate yennaa dhage'e, \v 10 To'i qara Hadaad-Ezer woliin wol lolaa waan tureef, Daawiti Hadaad-Ezer irratti injifannoo waan dhaggateef, nageya gaafatee, «Baga gammadde» akka jedhuuf ilma ifii Yoraam gara Daawitii erge; innille meya worqii, meeti'ii fi sageettuu irraa hujame qabatee dhaqe. \v 11 Mootichi Daawiti gosa biyya adda addaa mara irraa waan qara gabbarsiifateen meeti'ii fi worqii isaaf galte keessaa akkuma qara godhe meya kana Mootii Waan Maraatiif adda baase. \v 12 Gosi biyya adda addaa worri qara isa gabbarane, worra Edoomii, worra Mo'aabii, worra Amoonii, worra Filisxeemotaatii fi worra Amaaleqootaa ti. Inni mootii Zobaa ilma Rehoobii Hadaad-Ezer irraa meya booji'elle Mootii Waan Maraatiif adda baase. \p \v 13 Daawiti addee, «Dhooqa sooddaa» jedhantutti Edoomota kuma kudhanii saddeeti ijjeesee deebi'een duuba maqaan isaa beekkame. \v 14 Inni biyya Edoomii mara keessatti addee quttumaa godhatee, Edoomoti marti isa tajaajilane; Mootiin Waan Maraalle addee Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne. \p \v 15 Daawiti Israa'eloota mara irratti mootii te'ee, kolbaa maraaf muraa haqaa muree, waan sirrii te'e huje. \v 16 Yo'aab ilmi Zeruyaan deette, ajajaa loltootaa te'e; ilmi Ahiiludii Yoshaafaax barreessaa dabarsi'ii ti. \v 17 Ilmi Ahiixubii Zaadoqii fi ilmi Abiyaataarii Abiimelek hayyoota; Seraayaan barreessaa mana mootumma'aa ti. \v 18 Ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan itti gaafatamaa Keretootaatii fi Pheletootaa ti; ilmaan Daawitii ammoo gorsitoota mana mootumma'aa ti. \c 9 \s1 Daawitii Fi Mefii-Bosheet \p \v 1 Daawiti, «Marroo Yonaataaniitiif jedhee ka ani waan dansaa godhuufii dande'u, sanyii Saa'olii keessaa nami hafe hin jiraataa laati?» jedhee gaafate. \p \v 2 Maatii Saa'olii keessa tajaajilaan, «Ziibaa» jedhamu tokko waan jiruuf, akka inni gara Daawitii dhaqu isa waamane; mootichille, nami «Ziibaa» jedhamu si'ii? jedhee isa gaafate. \p Innille, «Eeti'i ana tajaajilaa keeti» jedhee deebise. \p \v 3 Mootichi, «Arjummaa Waaqaa akka ani itti mudhisuuf sanyii Saa'olii keessaa nami hafe hin jiruu?» jedhee gaafate; \p Ziibaan deebisee, «Ilmi Yonaataanii ka miila naafateeru tokko jira» jedhe. \p \v 4 Mootichille, «Inni amma eessa jira?» jedhee gaafate. \p Ziibaan deebisee, «Inni qachaa, ‹Lodebaar› jedhamu keessa mana Maakiirii ilma Amii'elii keessa jira» jedhe. \v 5 Maarre mootichi Daawiti qachaa, «Lodebaar» jedhamu keessaa mana Maakiirii ilma Amii'elii keessaa Mefii-Bosheet akka fidanu godhe. \p \v 6 Akaakoon Saa'olii ilmi Yonaataanii Mefii-Bosheet gara Daawitii dhufee, ulfinna isaatiif gad lafatti gombifamee nageya fuudhe; Daawitille, «Mefii-Bosheet» jedhee waame; innille, «Kunoo ani tajaajilaan keeti» jedheen. \p \v 7 Daawiti deebisee, «Hin sodaatin! Marroo abbaa keetii Yonaataaniitiif jedhee ani dhugumaan si'iif waan dansaa hin godha; lafa akaakoo keeti Saa'olii mara si'iif hin deebisa; yennaa mara qorii tiyya keessaa hin nyaatta» jedheen. \p \v 8 Mefii-Bosheet gad lafatti gombifamee, «Ana nama akka saree duuteetitti laakkowamuuf, ta ati waan dansaa akkasii gootuuf, ani tajaajilaan keeti eennu inni?» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba mootichi tajaajilaa Saa'olii Ziibaa waamee, «Ani waan qabeenna Saa'oliitii fi maatii isaa te'e mara Mefii-Bosheetii akkaakoo goottaa keetii Saa'oliitiif kenneera. \v 10 Ati, ilmaan teetii fi tajaajiltooti teeti akaakoon\f + \fr 9:10 \fr*\fqa Akaakoo: \fqa*\ft Akaakoon kun ilma ilma isaa ti.\ft*\f* goottaa keetii waan nyaatu akka dhaggatu lafa isaaf qota'aatii midhaan isaaf galcha'a! Akaakoon goottaa keetii Mefii-Bosheet ammoo yennaa mara qorii tiyya keessaa nyaata» jedhe; Ziibaan ilmaan kudhanii shanii fi tajaajiltoota diddama qabaayyu. \p \v 11 Achiin duuba Ziibaan mootichaan, «Waan goottaan kiyya mootichi tajaajilaa ifii ajaje mara, ani tajaajilaan keeti hin huja» jedhe; maarre Mefii-Besheet akkuma ilmaan mootichaa qorii Daawitii keessaa nyaataayyu. \v 12 Mefii-Bosheet ilma dargaggeessa, «Miikaa» jedhamu tokko qabaayyu; namooti maatii Ziibaa keessa jiranu marti tajaajiltoota Mefii-Bosheetii te'ane. \v 13 Mefii-Bosheet yennaa mara qorii mootichaa keessaa waan nyaatuuf, Yerusaalem keessa le'aayyu; inni miila lamaanuu naafa. \c 10 \s1 Daawiti Worra Amoonotaatii Fi Worra Sooriya'aa Injifate \p \v 1 Kanaan duuba mootiin Amoonotaa duunaan, ilmi isaa Hanuun addee isaatitti mootii te'e. \v 2 Daawiti, «Abbaan isaa naaf waan dansaa akkuma godhe, anille ilma Nahaashii Hanuuniif waan dansaa hin godha» jedhee hede; maarre marroo du'a abbaa isaatiif akka isa jajjabeessanu, Daawiti namoota erge; namooti Daawiti erge gara lafa Amoonotaa yennaa dhufane, \v 3 qondaaltoti Amoonotaa goottaa ifii Hanuuniin, «Daawiti namoota ergee si jajjabeessiis, du'a abbaa keetiitiif gaddee seetaa? Namooti inni erge qachaa akka qorqoranee, dooyanee akka balleessanuuf motii?» jedhane. \p \v 4 Maarre Hanuun namoota Daawiti erge san qabee areeda isaanii ka gara tokkoo irraa haadisiise; woyaa isaaniille haga hidha isaaniititti irraa cirsiisee isaan ari'e. \v 5 Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, namooti guddoo waan fokkifataneeranuuf, «Haga areedi keessan latutti Yerikoo tura'aatii, achiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedhee namoota isaanitti erge. \p \v 6 Amoonoti akka Daawiti isaan jibbe yennaa hubatane, qachaa Bet-Rehoobiitii fi qachaa Zobaatiitiin loltoota miilaa ta Sooriya'aa kuma diddama, mootiin Ma'akaa namoota isaa kuma tokko woliin, qachaa Xoobii keessalle'ee namoota kuma kudhanii lama qaxaratane. \v 7 Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, loltoota lolaan beekkamane mara woliin Yo'aab erge. \v 8 Amoonoti bayanee balbala seensuma karra qachaa isaanii duratti addee qabatane; worri Sooriya'aa ka qachaa Zoba'aatii fi ka qachaa Bet-Rehoobii akkasuma namooti qachaa Xoobiitii fi namooti Ma'akaa qofuu diida keessatti addee qabatane. \p \v 9 Yo'aab duraa fi duubaan loltoota diinaatiin akka marfame yennaa dhagge, loltoota Israa'elii keessaa loltoota gootota filee worra Sooriya'aa akka lolanuuf erge. \v 10 Worra hafe irratti obboleessa ifii Abiishaayi ajajaa godhee Amoonota akka lolanuuf erge. \v 11 Yo'aab obboleessa ifiitiin, «Worri Sooriya'aa yoo natti jabaate, ati na hin qarqaarta; worri Amoonotaa ammoo yoo sitti jabaatane ani dhufee si hin qarqaara. \v 12 Jabaadhu! Kolbaa teennaa fi qachoota Waaqa keennaatiif jannuma'aan lolluu ti. Mootiin Waan Maraa waan isa duratti dansaa te'e hin godha» jedhe. \p \v 13 Achiin duuba Yo'aabii fi loltooti isa woliin jiranu worra Sooriya'aa lolane; worri Sooriya'aalle isaan duraa baqate. \v 14 Worri Sooriya'aa akka baqatiisatti jiranu worri Amoonotaa yennaa dhaggane, isaanille Abiisaayi duraa baqatanee qachaa keessa timane; maarre Yo'aab Amoonota loliisa lakkisee gara qachaa Yerusaalemii deebi'e. \p \v 15 Worri Sooriya'aa akka Israa'elootaan injifatamane yennaa beekane ammalle wolitti qabane. \v 16 Mootichi Hadaad-Ezer namoota ergee worra Sooriya'aa ka laga Efraaxiisiitiin gama jiranu akka fidanu godhe; isaan Shofaakii ajajaa loltoota Hadaad-Ezeriitii sooreffamanee gara qachaa «Helaam» jedhamuu dhaqane. \v 17 Daawiti tana yennaa dhage'e, Israa'eloota mara wolitti qabee, Yordaanos gamatti bu'anee bayanee gara qachaa, «Helaam» jedhamu sanii dhaqane; worri Sooriya'aa hiriiranee Daawiti lolane; \v 18 te'uu malee Israa'eloota duraa baqatane; Daawiti namoota isaanii keessaa worra garreettaa fardaan harkifamu oofu dhibba torbaa fi loltoota miilaa kuma afurtama ijjeese; inni ajajaa loltoota isaanii Shofaakille ijjeese. \v 19 Moototi Hadaad-Ezer tajaajilanu marti akka Israa'elootaan injifatamane yennaa dhaggane, Israa'eloota woliin wolii galanee isaan tajaajilane; maarre worri Sooriya'aa yennaa sanii jalqabanee worra Amoonotaa qarqaariisa sodaatane. \c 11 \s1 Daawitii Fi Baat-Sheebaa \p \v 1 Ji'a furmaataa bara moototi lolaaf baatu, Daawiti qondaaltota ifiitii fi loltoota Israa'elootaa mara woliin Yo'aab duula erge; isaan Amoonota balleessanee qachaa «Raabaat» jedhamu marsane; Daawiti ammoo Yerusaalem keessatti hafeeraayyu. \p \v 2 Gaafa tokko galgala Daawiti taqee ifii irraa ka'ee heellichoo mana mootumma'aa gubbaa asii achi deddeebi'aa adoo jiruu dubartiin takka nafa dhiqatiisatti jirtuun dhagge; isiin guddoo miidhaddu'u. \v 3 Daawiti nama itti ergee marroo isi'ii akka qoratu godhe; namichi deebisee, «Isiin niitii Uriiyaa nama biyya Heetii, intala Elii'aamii Baat-Sheeba'aa motii?» jedhe. \v 4 Achiin duuba nama itti ergee akka isii fidanu godhe; isiin isa bira yennaa dhutte aadaa seera dubarti'ii irraa qulqulloonteertiiyyu; Daawitille isii woliin rafe; achiin duuba isiin gara manaa deente. \v 5 Dubartittiin ulfoottee, «Ani si'iif ulfoyeera» jettee Daawititti ergitee hinte. \p \v 6 Maarre Daawiti Yo'aabiin, «Uriiyaa nama biyya Heetii gara kiyya ergi» jedhee dhaansa itti erge; Yo'aabille isa gara Daawitii erge. \v 7 Uriiyaan gara isaa yennaa dhufe, Daawiti, nageya Yo'aabiitii fi loltootaa, oduu lolaalle isa gaafate. \v 8 Achiin duuba Daawiti Uriiyaan, «Gara mana keetii dhaqiitii miila keeti dhiqadhuu foorfadhu» jedhe; maarre Uriiyaan mana mootumma'aatii baye; mootichille kennansa isa gula erge. \v 9 Uriiyaan ammoo tajaajiltoota goottaa ifii mara woliin balbala karra mana mootumma'aa dura rafe malee gara mana ifii hin deenne. \v 10 Uriiyaan gara mana ifii akka hin deenne Daawititti yennaa himane, Daawiti isaan, «Ati karaa fago'oo dhuttee motii? Maaf gara mana keetii hin deemin?» jedhee gaafate. \p \v 11 Uriiyaan Daawitiin, «Saanduqi Gondooro'oo, Israa'elii fi Yihudaan dunkaanii keessa jiranuun, goottaan kiyya Yo'aabii fi namooti goottaa kiyyaa diida qubatanee jiranuun, ani nyaadhee uniisaaf, niitii tiyya wolille'een rafiisaaf attamiin gara mana kiyyaa deema ree? Lubbuu teetiin kakadha, ani waan akkanaa hin godhu!» jedhe. \p \v 12 Achiin duuba Daawiti isaan, «Ani boru si geegessaatii, adha asuma buli!» jedhe; maarre Uriiyaan guyyaa sanii fi guyyaa itti aanulle achuma Yerusaalem keessa ture. \v 13 Achiin duuba Daawiti Uriiyaa waamee, isa woliin nyaatee unee akka inni machowu godhe; galgala ammoo Uriiyaan dhaqee odduu tajaajiltoota goottaa ifii afinaa ifii irra bule malee gara mana ifii hin deenne. \v 14 Boruyyaa ganama Daawiti xalayaa Yo'aabiif barreessee nami Uriiyaa jedhamu akka geessu godhe. \v 15 Inni xalayaa san keessatti, «Uriiyaa addee lolli jabaate ergi; achiin duuba lola san keessatti akka inni du'uuf isa lakkisa'aa baqadha'a» jedhee barreesse. \v 16 Maarre Yo'aab qachaa yennaa marse, karaa lolli jabaate san Uriiyaa erge. \v 17 Namooti qachaa sanii dhufanee Yo'aab woliin yennaa wol lolane, namoota Daawitii keessaa gariin du'ane; Uriiyaan nami biyya Heetiille du'e. \p \v 18 Yo'aab nama ergee oduu lolaa mara Daawititti hime. \v 19 Nama Daawititti erge saniin, «Oduu lolaa kana mootichatti hinteen duuba, \v 20 mootichi aaree bobe'ee, ‹Isin lolaaf maaf akkana gara qacha'aa dhikaattane? Dalleya qacha'aa gubba'aa daaya akka isinitti gad lakkisanu hin beettanuu? \v 21 Ilma Yeruu-Besheetii Abiimelek eentu ijjeese? Dubartii takkatti dalleya dhaka'aa irraa ilmaachuu daaku'uu darbattee qachaa Tebezitii keessatti isa ijjeettee motii? Isin maaf dalleya dhaka'aa sanitti akkana dhikaattane?› jedhee yoo si gaafate, ati deebisiitii, ‹Tajaajilaan keeti nami biyya Heetii Uriiyaalle du'eera› jedhii itti himi» jedhe. \p \v 22 Maarre nami ergame sun dhaqee, yennaa achi geye, ergaa Yo'aabii mara Daawititti hime. \v 23 Nami ergame sun Daawitiin, «Diinoti keenna nutti jabaatanee, nu loliisaaf haga diidaa dhufaneeran; nuuti ammoo haga seensuma karra qacha'aa isaan ariinee deebinne. \v 24 Achiin duuba worri daayaan lolu dalleya dhaka'aa irraa tajaajiltoota teeti irratti daaya gad lakkisanee tajaajiltoota mootichaa keessaa garii ijjeesane; tajaajilaan keeti nami biyya Heetii Uriiyaalle du'eera» jedhe. \p \v 25 Daawitille nama ergamee dhufe saniin, «Yo'aabiin, ‹Lola keessatti eennutti akka du'u dursanee waan hin beenneef, ati tanaan hin gaddiniitii jabaadhu. Hunna teeti jabeeffadhuutii, qachaa san lolii balleessi› jedhii isa jajjabeessi» jedhe. \p \v 26 Niitiin Uriiya'aa abbaan manaa isi'ii akka du'e yennaa dhageette, gadditee bootte. \v 27 Yennaan isiin gaddite dabareen duuba, Daawiti nama itti ergee gara mana ifii akka isii fidanu godhe; isiille haadha manaa isaaf teetee ilma isaaf deette; te'uu malee wonni Daawiti godhe kun Mootii Waan Maraa hin gammachiinne. \c 12 \s1 Waaqi Naataan Gara Daawitii Erge \p \v 1 Mootiin Waan Maraa raagicha Naataan gara Daawitii erge; Naataan gara Daawitii dhufee, «Namooti lama qachaa tokko keessa le'anu jiraniiyyu; isaan keessaa tokkochi dureessa, kuun ammoo hiyyeessa. \v 2 Namichi dureessichi hoole'ee fi hoorii bacaa qaba; \v 3 hiyyeessichi ammoo ilmee hoole'ee ta bitate takka malee, waan tokkolle hin qabu; inni isii san kunuunsee ijoollee isaa woliin guddatte; isiin isa woliin nyaataa unaa bobaa isaa jala bultiiyyu; isiin isaaf akkuma intala isaa ti. \v 4 Guyyaa tokko keessummaan tokko gara mana namicha dureessichaa dhufe; namichi dureessichi sun keessummaa gara isaa dhufe saniif hoolee yookiin hoorii ifii keessaa tokko qalee nyaachisiisa hin barbaanne; garuu ilmee hoole'ee ta namicha hiyyeessa sanii nama keessummaa mana isaa dhufe saniif qalee sagalee qopheesse» jedhe. \p \v 5 Daawiti namicha sanitti guddoo aaree, Naataaniin, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Namichi akkana godhe sun du'uu qaba! \v 6 Inni marartii malee tana waan godheef, addee ilmee hoolee sanii hoolee afur kaffaluu qaba» jedhe. \p \v 7 Achiin duuba Naataan Daawitiin, «Nami sun si'uma! Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani akka ati Israa'el irratti mootii teetuuf si muude, harka Saa'olii jalalle'ee si baase; \v 8 mootummaa goottaa keetii si'iif kenneera; niitota goottaa keetille si'iif kenneera; mootii Israa'eliitii fi Yihuda'aa akka teetuufille si godheera; tun adoo si hanqattee jiraatte tana caalaa si'iif hin kennaayyu. \v 9 Ati Uriiyaa nama biyya Heetii, shallaagaa Amoonotaatiin ijjeesisiittee, niitii isaa ifii fuutee, waan hantuu akkanaa Mootii Waan Maraa duratti hujiisaan jecha Mootii Waan Maraa maaf tuffatte ree? \v 10 Ati na tuffattee niitii Uriiyaa nama biyya Heetii fuutee niitii keeti godhatteerta; tanaaf haga bara baraa shallaagaan sanyii teeti irraa hin fagaatu› jedha. \v 11 Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo ani manuma keeti keessaa badii sitti hin fida; ati adoo dhaggituu niitota teeti si jalaa fuudhee nama fira keeti ka aante'eetiif hin kenna; inni guyyumaan niitota teeti woliin hin rafa. \v 12 Ati waan akkanaa dhossa'aan goote; ani ammoo waanuma kana guyyumaan Israa'eloota duratti hin godha› jedha» jedhe. \p \v 13 Achiin duuba Daawiti Naataaniin, «Ani Mootii Waan Maraa yakkeera» jedhe. \p Naataan deebisee, «Mootiin Waan Maraa yakkaa keeti si'iif dhiiseera; ati hin duutu. \v 14 Te'uu malee ati tana godhiisaan diinoti Mootii Waan Maraa akka isa tuffatanu waan gooteef, ilmi si'ii dhalate hin du'a» jedhe. \v 15 Naataan gara mana ifii deemeen duuba Mootiin Waan Maraa ilma niitiin Uriiyaa Daawitiif deette akka malee akka dhibamu godhe. \v 16 Daawiti marroo muca'aatiif laamee Mootii Waan Maraa daadimate; gara kolloo taqee ifii seenee galgala mara lafa rafe. \v 17 Jaarsoleen mana isaa keessa jirtu lafaa isa ol kaasiisaaf cinaa isaa dhaabbatte; inni ammoo didate; isaan wolille'een sagalee hin nyaanne. \v 18 Guyyaa torbeesso'oo mucaan du'e; tajaajiltooti Daawitii, «Mucaan adoo jiruu waan nuuti isatti hinne Daawiti hin dhageenne; amma mucaan akka du'e attam Daawititti himuu dandeenna ree? Inni ifi miidhuu dande'a» jedhanee mucaan akka du'e Daawititti himuu sodaatane. \p \v 19 Daawiti tajaajiltooti isaa wolitti hasaasaa dubbattuun dhage'e; mucaan akka du'e beekee, «Mucaan du'ee?» jedhee gaafate; \p Isaanille, «Eeti'i, du'eera» jedhanee deebisane. \p \v 20 Achiin duuba Daawiti lafaa ol ka'ee, dhiqatee, iffatee woyaa jijjiirateen duuba, gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee Mootii Waan Maraatiif sagade. Achiin duuba gara mana ifii dhaqee, sagalee akka isaaf dhikeessanu gaafate; isaan sagalee isaaf dhikeessane; innille nyaate. \v 21 Tajaajiltooti isaa, «Mucaan adoo jiruu laantee isaaf bootte; mucaan du'een duuba kaatee sagalee nyaatte; ati maaf akkana goote?» jettee isa gaafatte. \p \v 22 Innille deebisee, «Mucaan adoo jiruu, ‹Eentu beeka? Mootiin Waan Maraa gadhaa naaf laafee mucaa hin hambura fa'a› jedhee laamee daadimadhee bowe. \v 23 Amma ammoo mucaan eega du'e maaf laama ree? Ani isa deebisee lubbu'uun akka jiraatu godhuu hin dande'aa? Anattuu gara isaa dhaqa malee inni gara kiyya hin deebi'u» jedhe. \s1 Solomoon Dhalate \p \v 24 Achiin duuba Daawiti haadha manaa ifii Baat-Sheebaa jajjabeesse; gara isi'ii dhaqee isii woliin rafe; isiille ilma deettee, inni maqaa isaa Solomoon baase; Mootiin Waan Maraalle isa jaalate. \v 25 Mootiin Waan Maraa isa waan jaalateef maqaan muca'aa, «Yidiidiyaa» akka jedhamu karaa raagicha Naataaniitiin jecha erge. \s1 Daawiti Qachaa Raabaa Qabate \p \v 26 Yennaa san Yo'aab qachaa Amoonotaa Raabaa lolee, kushee mana mootumma'aa qabate. \v 27 Achiin duuba Yo'aab gara Daawitii nama ergee, «Ani qachaa Raabaa lolee, addee worri qacha'aa bisaan woraabbatu qabadheera. \v 28 Ani qachaa qabadhee maqaa kiyyaan akka hin moggaafanne, ati amma loltoota hafane wolitti qabadhuutii qachaa marsii qabadhu» jedhee itti hime. \v 29 Maarre Daawiti loltoota ifii mara wolitti qabatee, gara qachaa Raabaa duulee lolee qabate. \v 30 Kallacha mooticha isaanii, ka kiiloogiraama soddomii afur te'e, ka dhakaa gatii guddo'ootiin hujamee seefame, mataa isaa irraa fudhatee mataa ifii irra keyate; qachaa keessalle'ee waan bacaa booji'e. \v 31 Inni kolbaa achi keessa jirtu gad baasee magaazi'iin, qotto'oo fi agara'aan hujii hunnaa akka hujanu godhe; biyyee faaraa loobanee xuubii akka hujanu godhe. Inni qachaa Amoonotaa mara keessatti tana huje. Achii duuba Daawitii fi loltooti isaa marti gara Yerusaalemii deebi'ane. \c 13 \s1 Amnoonii Fi Taamaar \p \v 1 Ilmi Daawiti Abiishaalom obboleettii dansittii, «Taamaar» jedhantu qabaayyu; ilmi Daawitii Amnoon isii jaalate. \v 2 Isiin durra banti'ii waan teeteef, Amnoon akka te'ee isii bira gewu waan hin qabaatiniif, jaalala obboleettii ifii Taamaariitiin qabamee guddoo dhibame. \v 3 Inni jaala, «Yonaadaab» jedhamu tokko qabaayyu; inni ilma Shime'aa obboleessa Daawitii ti; Yonaadaab nama guddoo maltee te'e. \v 4 Inni, «Ee, ilma mootichaa, ati guyyuma guyya'aan maaf huqqata? Natti hin hintuu?» jedhee Amnoon gaafate. \p Amnoon deebisee, «Ani jaalala Taamaarii obboleettii obboleessa kiyya Abiishaalomiitiin, qabamee ti» jedhe. \p \v 5 Yonaadaab isaan, «Ati akka dhibantee, taqee irra irkadhu; abbaan keeti si gaafatiisaaf yennaa dhufe, ‹Obboleettiin tiyya Taamaar dhuttee waan ani nyaadhu naaf kennituu ti; asi na biratti sagalee hujjee qopheessitee harka ifiitiin na nyaachittuu ti› jedhiin» jedhe. \v 6 Maarre Amnoon akka dhibamee, taqee ifii irra irkate; mootichi isa gaafatiisaaf yennaa dhufe, inni mootichaan, «Obboleettiin tiyya Taamaar dhuttee, na duratti daabboo bilcheessitee harka ifiitii akka na nyaachittu barbaada» jedhe. \p \v 7 Achiin duuba Daawiti gara mana mootumma'aa Taamaaritti nama ergee, «Gara mana obboleessa keeti Amnoonii dhaqiitii sagalee isaaf qopheessi» jedhe. \v 8 Maarre Taamaar gara mana obboleessi isi'ii Amnoon irkateeruu dhaxxe; bullaa diqqoo fuutee bukeesitee isa duratti daabboo bilcheessite. \v 9 Achiin duuba daabboo bilcheessite san eelee irraa fuutee isaaf dhikeessite; inni ammoo nyaatiisa didatee, «Nama mara asii gad baasa'a» jedhe; nami martinuu isa biraa gad bayane. \v 10 Achiin duuba Amnoon Taamaariin, «Ani harka keeti irraa akka nyaadhuuf sagalee gara kolloo taqee tiyyaa fidi» jedhe; Taamaar daabboo bilcheessite san fuutee gara kolloo taqee obboleessa ifii Amnoonii geessitte. \v 11 Yennaa isiin sagalee isaaf dhikeessite ammoo isii qabee, «Obboleettii tiyya koy na woliin irkadhu!» jedhe. \p \v 12 Isiin isaan, «Lakkii obboleessa kiyya, na hin salphisin! Wonni akkasii Israa'el keessatti godhamee hin beeku; waan hantuu tana hin godhin! \v 13 Yoo na salphitte, ani maan te'a? Eessa gora? Atille maan teeta? Ati biyya Israa'elii keessatti salphicha hin teeta. Maganne'e mootichatti himadhu; inni akka ani si heerumu hin dhooggu!» jette. \v 14 Inni ammoo waan isiin jettu dhage'iisa didee, isii caalaa hunnaamessa waan te'eef, hunnaan isii gurra balleesse. \p \v 15 Achiin duuba Amnoon akka malee isii jibbe; inni haga qara isii jaalate caalaa isii jibbee, «Ka'ii asii gad bayi!» jedhe. \p \v 16 Isiin ammoo, «Lakkii, na manaa baasuun keeti yakkaa na irratti hujje caalaa cubbuu hujja» jette. \p Inni ammoo waan isiin jettu dhage'iisa didee, \v 17 tajaajilaa ifii tokko waamee, «Dubartii tana asii gad baasiitii balbala itti cufi!» jedhe. \v 18 Maarre tajaajilaan isaa sun gad isii baasee balbala itti cufe; isiin yennaa san woyaa durri mootichaa ta banti'ii dur uffattu uffatteertiiyyu. \v 19 Taamaar daadhaa mataa ifii irratti firfiffattee, woyaa uffatte san tarsaatte; mataa ifii qabattee bowaa deente. \v 20 Obboleessi isi'ii Abiishaalom isi'iin, «Obboleessi keeti sun Amnoon si woliin jiraayyuu? Obboleettii tiyya cadhisi, inni obboleessa keeti waan te'eef, dubbii tana gadhaa keeti keessatti hin qabatin» jedhe; Taamaar salphattee nama irraa adda baatee mana Abiishaalomii obboleessa ifii keessa leete. \p \v 21 Mootichi Daawiti oduu tana mara yennaa dhage'e, guddoo aare. \v 22 Abiishaalom sababa Amnoon obboleettii isaa Taamaar salphiseef isa jibbee, waan hantu'uu fi dansaa tokkolle isatti hin dubbanne. \s1 Abiishaalom Amnoon Ijjeese \p \v 23 Woggaa lamaan duuba Abiishaalom qachaa Ba'aal-Hazoorii ka meessaa biyya Efreemii bira jirutti hoolee ifii irraa rifeensa yennaa quxu, ilmaan mootichaa mara achi waame. \v 24 Abiishaalomille gara mootichaa dhaqee, «Ani tajaajilaan keeti hoolota tiyya irraa rifeensa waan quxuuf, atii fi qondaaltoti maganne'e kowa'a!» jedhe. \p \v 25 Mootichi Daawiti ammoo Abiishaalomiin, «Lakkii ilma kiyya, nuuti marti hin dhunnu; nuuti marti yoo dhunne, ba'aa si irratti hin teena» jedhe; Abiishaalom isa jabeessee kadhatulle inni dhaqiisa hin barbaanne; garuu isa eebbisee geegesse. \p \v 26 Achiin duuba Abiishaalom, «Ati yoo hin dhaqin, obboleessi kiyya Amnoon nu woliin dhaquu ti!» jedhe. \p Mootichi Daawiti, «Inni maaf isin woliin dhaqa?» jedhee gaafate. \v 27 Abiishaalom ammoo jabeessee isa waan kadhateef, mootichi Daawiti ilma ifii Amnoonii fi ilmaan ifii ta dhibii mara Abiishaalom woliin akka deemanu erge. \v 28 Achiin duuba Abiishaalom tajaajiltoota ifiitiin, «Amnoon daadhii woyni'ii unee yennaa machowe, ani isiniin, ‹Isa dhowa'aatii ijjeesa'a!› hin jedha; anattuu isin ajaje hin sodaatina'a! Jabaadha'a» jedhee ajaje. \v 29 Maarre tajaajiltooti Abiishaalomii akkuma inni isaan ajaje Amnoon ijjeesane; achiin duuba ilmaan mootichaa marti gaangolee ifii irra teettee baqatte. \p \v 30 Isaan karaa irra adoo jiranuu, Daawiti, «Abiishaalom ilmaan mootichaa mara fixe; nami tokkolle hin hanne» oduu jettu dhage'e. \v 31 Mootichi Daawiti ka'ee dhaabbate; gaddee woyaa ifii tarsaasee jige; tajaajiltooti isaalle martinuu gaddanee woyaa ifii tarsaasanee isa bira dhaabbatane. \v 32 Obboleessi Daawitii ilmi Shime'aa Yonaadaab ammoo Daawitiin, «Goottaa kiyya, ‹Ilmaan tiyya mara ijjeesaneeran› jettee hin yaadin; haga Amnoon obboleettii Abiishaalomii Taamaar gurra balleesseen jalqabee Abiishaalom kutatee waan ka'eef, nami du'e Amnoon calla'a. \v 33 Nami du'e Amnoon callaa waan te'eef, goottaan kiyya oduu, ‹Ilmaan mootichaa mara ijjeesaneeran› jedhanee odeessane hin addatin» jedhe. \p \v 34 Yennuma san Abiishaalomille baqate. \p Nami qachaa eegu tokko ol yoo ilaalu namooti bacaan karaa gara aduun seentuun cinaa gaaraatii gad bu'anuun dhaggee, «Karaa Horonaayimiitiin namooti bacaan cinaa gaaraatii gad bu'iisatti jiran» jedhee mootichatti hime. \v 35 Yonaadaab mooticha Daawitiin, «Akkuma ani tajaajilaan keeti jedhe kunoo, ilmaan keeti dhufaneeran» jedhe. \v 36 Adoo inni dubbatee, hin fixin ilmaan mootichaa wiiccifataa bowaa dhufane; mootichii fi tajaajiltooti isaa marti guddoo wiiccifatanee bowane. \v 37 Abiishaalom baqatee gara Talmaayii ilma Amiihudii mootii biyya Geshuurii deeme; Daawiti ammoo ilma ifii ka du'e saniif yennaa mara bowa. \v 38 Abiishaalom baqatee gara biyya Geshuurii dhaqeen duuba, woggaa sad achi tee'e. \v 39 Mootichi Daawiti gadda ilma ifii ka Amnoonii irraa jajjabaateen duuba, Abiishaalom dharra'e. \c 14 \s1 Abiishaalom Gara Yerusaalemii Deebi'e \p \v 1 Ilmi Zeruyaan deette Yo'aab akka mootichi Daawiti Abiishaalom dharra'eeru beeke. \v 2 Maarre Yo'aab gara qachaa Teqo'aa nama ergee, dubartittii qaroo takka akka fidanu godhee, isi'iin, «Akka nama gadda irra jiruu woyaa gaddaa uffadhu; waan tokkolle hin iffatin; akka dubartii yennaa bacaa nama du'eef gadditeertu fakkaadhu. \v 3 Achiin duuba gara mootichaa dhaqiitii, dubbii ani sitti himu tana isatti dubbadhu» jedhee waan isiin dubbattu isi'itti hime. \p \v 4 Dubartiin qachaa Teqo'aa sunille gara mootichaa dhaxxee, ulfinna isaatiif lafatti gad gombifantee, «Ee mooticha, maganne'e na gargaar» jette. \p \v 5 Mootichille, «Maan rakkatte?» jedhee isii gaafate. \p Isiille, «Ani dhugumaan haadha hiyyeessaa ka abbaan manaa irraa du'e. \v 6 Ani tajaajiltuun teeti ilmaan dhiiraa lama qabaayyu; isaan lamaanuu diida keessatti wol lolanee nami isaan wol irraa dhooggu waan hin jirreef, tokkochi kaan dhowee ijjeese. \v 7 Kunoo amma firri duudiin ana tajaajiltuu teeti irratti ka'ee, ‹Ilma keeti ka obboleessa ifii ijjeese san ijjeennee haluu akka baanuuf nutti dabarsii kenni; achiin duuba atille dhaala malee hatta› naan jedhan; isaan ilma kiyya ka anaaf hafe tokkocha ka akka qaanqee ibiddaa san na jalaa balleessanee, maqaa yookiin sanyii abbaa manaa kiyyaa lafa irraa hin balleessan» jette. \p \v 8 Mootichille isi'iin, «Ani marroo haajaa keetii ajaja hin baasa, ati gara mana keetii deemi!» jedhe. \v 9 Dubartiin qachaa Teqo'aa sun ammoo mootichaan, «Ee, goottaa kiyya mooticha, marroo dubbii tanaatiif, anii fi maatiin tiyya itti gaafatannuu ti; atii fi mootummaan teeti itti hin gaafatantanu» jette. \p \v 10 Mootichille isi'iin, «Eennulle waan tokko yoo sitti dubbate, gara kiyya isa fidi; inni deebi'ee si hin rakkisu» jedhe. \p \v 11 Isiille, «Worri haluu bawu ilma kiyya ka hafe ijjeesanee badii badii caalte akka hin hunye, mooticha maganne'e, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiitiin naaf kakadhu» jette. \p Mootichi deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, mataa mucaa keetii irraa rifeensi tokkolle lafa hin bu'u» jedheen. \p \v 12 Achiin duuba dubartittiin, «Ani tajaajiltuun teeti dubbii tokko si mooticha goottaa kiyyatti dubbadha» jette. \p Innille deebisee, «Dubbadhu!» jedhe. \p \v 13 Dubartittiille, «Ati ilmi keeti addee baqatee akka deebi'u waan hin godhiniif, ifi irratti muraa kennitee motii ree? Waan akkasii kolbaa Waaqaa irratti maaf yaadatte? \v 14 Akkuma bisaan dhangala'ee deebi'ee hin woraabbanne, nuuti martinuu hin duuna; Mootiin Waan Maraa nami baqatee biyyaa baye, akka isa irraa hin fagaanne karaa inni deebi'u qopheessa malee lubbuu isaa hin balleessu. \v 15 Ani amma kolbaan waan na sodaachitteef tana goottaa kiyya mootichatti himiisaaf dhufeera; ani tajaajiltuun teeti, ‹Waan ani mootichatti dubbadhu inni naaf hin muummessa fa te'a; \v 16 harka worra anaa fi mucaa kiyya dhaala Waaqi nu'uuf kenne irraa nu kaasuu barbaaduu jalaa hin baasa fa te'a› jedhee waan yaadadheef, haajaa kiyya sitti himadheera. \v 17 Ani tajaajiltuun teeti ammalle, ‹Goottaan kiyya mootichi hama'aa fi dansaa gargar baasiisaan, akka ergamaa Waaqaa waan te'eef, dubbiin goottaa kiyyaa na jajjabeessituu ti› jedhee hin addadha. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jiraatuu ti» jette. \p \v 18 Achiin duuba mootichi dubartitti'iin, «Waan ani si gaafadhu, atille deebii na hin dhossin» jedhe. \p Isiille deebittee, «Goottaa kiyya mooticha, waan feete na gaafadhu!» jette. \p \v 19 Mootichille, «Tana mara akka ati dubbattu Yo'aabitti sitti himee?» jedhee isii gaafate. \p Dubartittiille deebittee, «Dhugaa lubbuu teeti goottaa kiyya mootichaatiin kakadha, waan ati dubbatte irraa nami gara bita'aa yookiin gara middaa deebi'u hin jiru; eeti'i, tana akka ani godhu, dubbii tana maralle ana tajaajiltuu teetitti nami hime, tajaajilaa keeti Yo'aab. \v 20 Tajaajilaan keeti Yo'aab haajaa jiru mara jijjiiriisaaf tana godhe; goottaa kiyyaa, ati ammoo qarummaa akka ergamaa Waaqaa waan qadduuf, waan lafa irratti te'u mara hin beetta» jette. \p \v 21 Mootichille Yo'aabiin, «Guddoo dansa'a! Ani waan ati jette hin godha; dhaqiitii Abiishaalomii dargaggeessicha san fidi» jedhe. \p \v 22 Yo'aab ulfinna mootichaatiif lafatti gad gombifamee, mooticha eebbise; Yo'aab ammalle, «Goottaa kiyya, ati kadhaa tajaajilaa keetii waan dhageetteef, ani tajaajilaan keeti si duratti fudhatama akka dhaggadhe adha beeke» jedhe. \v 23 Achiin duuba Yo'aab gara biyya Geshuurii dhaqee, Abiishaalom deebisee gara Yerusaalemii fide. \v 24 Mootichi ammoo, «Inni gara mana ifii dhaquutii malee ani ila tiyyaan isa hin dhaggin» jedhe; maarre Abiishaalom gara mana ifii deeme malee ila mootichaa hin dhaggine. \s1 Abiishaalom Abbaa Ifii Daawiti Araarfate \p \v 25 Israa'eloota mara keessatti nami akka Abiishaalomii miidhagu hin jiruuyyu; rifeensa mata'aatii haga faana miilaa komii hin qabu. \v 26 Rifeensi mataa isaa yennaa isatti ulfaate wogga'atti yennaa tokko quxataayyu; rifeensi mataa isaa ka quxame yennaa madaalamu gara kiiloogiraama lamaa ol te'a. \v 27 Abiishaalom ilmaan sadii fi intala durra takka ta, «Taamaar» jedhantu uumate; isiin intala guddoo miidhaddu. \p \v 28 Abiishaalom ila mootichaa adoo hin dhaggin, woggaa lama Yerusaalem keessa le'e. \v 29 Achiin duuba Abiishaalom gara mootichaa isa ergatiisaaf, nama itti ergee Yo'aab waansise; Yo'aab ammoo gara isaa dhufiisa didate; maarre Abiishaalom ammalle nama itti erge; Yo'aab ammalle dhufiisa didate. \v 30 Achiin duuba Abiishaalom tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, fichaan Yo'aabii fichaa kiyyatti aanee jira; inni fichaa ifii keessaa garbuu waan qabuuf dhaqa'aatii ibidda itti naqa'a» jedhe; maarre tajaajiltooti Abiishaalomii fichaa Yo'aabiititti ibidda naqane. \p \v 31 Achiin duuba Yo'aab gara mana Abiishaalomii dhaqee, «Tajaajiltooti teeti fichaa kiyyatti maaf ibidda naqane?» jedhee gaafate. \p \v 32 Abiishaalom Yo'aabiin, «Kunoo, ani akka ati mooticha bira naaf dhaxxee, ‹Ani Geshuurii maaf dhufe? Haga ammaa adoo achuma jiraadhee naaf woyya jedheera› jettee akka isatti hintuuf nama sitti ergadhe; ani amma ila mootichaa dhagguu barbaada; yakkaa yoo qabaadhe inni na ijjeesuu ti!» jedhe. \p \v 33 Maarre Yo'aab gara mootichaa dhaqee tanuma isatti hime; achiin duuba mootichi Abiishaalom waansise; innille dhufee mooticha duratti lafatti gad gombifame; mootichille Abiishaalom sunqate. \c 15 \s1 Abiishaalom Finqiliisaaf Mala Dhowate \p \v 1 Kanaan duuba Abiishaalom garreettaa fardaan harkifamuu fi fardoo, namoota shantama isaan dura fiiganu qopheeffate. \v 2 Abiishaalom ganama ka'ee karaa gara seensuma karra qacha'aa geessu cinaa dhaabbataayyu; eennulle nami haajaa qabu haajaa ifiitiif muraa dhaggatiisaaf gara mootichaa yennaa dhufu mara, Abiishaalom nama san waamee, «Ati qachaa kamii dhutte?» jedhee gaafata; nami sunille, «Ani tajaajilaan keeti gosa Israa'elii tokko keessaa dhufe» jedhee deebisa. \v 3 Achiin duuba Abiishaalom nama saniin, «Ilaa, haajaan keeti dhuga'a; sirri'ille'e, te'uu malee nami bakka bu'aa mootichaa te'ee haajaa keeti si'iif ilaalu hin jiru» jedha. \v 4 Abiishaalom itti dabalee, «Ani biyya irratti abbaa mura'aa adoo te'ee jiraadhee, nami haajaa qabu marti gara kiyya yennaa dhufe, ani muraa haqaa hin kennaayyu» jedha \v 5 Nami isa bira geyee yennaa isaaf gad lafatti gombifamu, Abiishalom harka ifii diriirsee qabee, hin sunqataayyu. \v 6 Abiishaalom Israa'eloota muraa haqaa dhaggatiisaaf gara mootichaa dhufanu maraaf tana godhee, Israa'eloota mara gara ifii deebifate. \p \v 7 Woggaa afuriin duuba Abiishaalom mootichaan, «Waadaa Mootii Waan Maraatiif gale geessiisaaf gara qachaa Kebroonii akka dhaqu naaf eeyyam! \v 8 Ani tajaajilaan keeti biyya Sooriya'aa qachaa Geshuurii keessa yennaa jiru, ‹Mootiin Waan Maraa gara Yerusaalemii yoo na deebise, ani Kebroonitti isaaf hin sagada› jedhee waadaa galeera» jedhe. \p \v 9 Mootichille isaan, «Nageyaan dhaqi» jedhe; maarre Abiishaalom gara qachaa Kebroonii dhaqe. \v 10 Achiin duuba Abiishaalom, «Isin qoonqoo tultulla'aa akkuma dhageettaneen, ‹Abiishaalom qachaa Kebrooniititti mootii te'eera› jedha'a!» jedhee ergantoota dhossa'aa gara gosa Israa'elii mara erge. \v 11 Yerusaalem keessaa namooti dhibbi lama Abiishaalom woliin deemane; isaan akka keessummumma'aatitti waamamanee, qajeelumma'aan deemane malee marroo haajaa tanaa waan tokkolle hin beekanuuyyu. \v 12 Abiishaalom ciincaa dhikeessiisatti adoo jiruu, Ahiitofel nami biyya Giloo ka Daawitiif gorsa kennutti gara isaa akka dhufuuf nama isatti erge; maarre malli Abiishaalom dhowe jabaatee, namooti isa gula deemanu ittuma bacatane. \s1 Daawiti Yerusaalem Keessaa Baqate \p \v 13 Ergamaan tokko dhufee, «Israa'elooti marti gara Abiishaalomii deebi'aneeran» jedhee Daawititti hime. \p \v 14 Achiin duuba Daawiti bulchitoota ifii ta isa woliin Yerusaalem keessa jiranu maraan, «Nami tokkolle Abiishaalom jalaa bawuu waan hin dandeenneef, kowa'a hin baqanna! Ammumaa asii bawuu qanna; inni ariifatee dhufe yoo nu qabe, nu hin balleessa; namoota qachaa keessa jiranulle shallaaga'aan hin fixa» jedhe. \p \v 15 Bulchitooti mootichaalle deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti waan ati goottaan keenna filatte mara godhiisaaf qophoonneerra» jedhane \v 16 Mootichi Daawiti mana mootumma'aa akka eeganuuf gursumeeyyii kudhan lakkisee, maatii ifii maraa fudhatee baqate. \p \v 17 Maarre mootichi namoota isa woliin jiranu mara woliin bayee deeme; haga diqqoo fagaatanee deemaneen duuba, mana dhuma irra jiru tokko bira dhaabbatane. \v 18 Qondaaltoti isaa martinuu, Keretootii fi Pheletooti, worri qachaa Gaatii keessaa isa gula dhufanelle, namooti dhibbi jaa hiriiranee mootichaan dura dabarane. \v 19 Mootichi Daawiti nama biyya Gaatii Iitaayiin, «Ati maaf nu woliin deenta? Ati nama ormaa ka biyya keetii ari'antee dhutte; Deebi'iitii Abiishaalomii mooticha woliin turi! \v 20 Ati kalee dhutte; ani ifiifuu eessa akka deemaa jiru hin beeku; attamiin akka ati nu woliin joonjitu godha ree? Namoota keeti ta si gula jiranu woliinuu deebi'i; jaalalli bara baraatii fi addatamummaan si woliin jiraatanu» jedhe. \p \v 21 Iitaayi ammoo deebisee mootichaan, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Lubbuu teetiin kakadha! Du'aa fi jiruulle'een addee maratti waan goottaan kiyya te'u mara, ani tajaajilaan keetille hin te'a» jedhe. \p \v 22 Daawitille Iitaayiin, «Dansa'a! Naan dura deem» jedhe; maarre Iitaayi nami biyya Gaatii, namoota ifii maraa fi maatii ifii ta isa woliin jiranu woliin deeme. \v 23 Kolbaan marti yennaa dabaranu, namooti biyya sanii marti iyyanee bowane; mootichille dhooqa Qedroonii gamatti bu'ee baye; kolbaan marti gama buutee baatee goomolee keessa deente. \p \v 24 Hayyichi Zaadoq, Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'ataneeranu mara woliin achi jiraayyu; isaan Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa lafa keyane; hayyichi Abiyaataar kolbaan marti qachaa keessaa haga baatu ciincaa dhikeesse. \v 25 Achiin duuba mootichi, hayyicha Zaadoqiin, «Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara qacha'aa deebisi; ani Mootii Waan Maraa duratti fudhatama yoo qabadhe, inni na deebisee Saanduqa Gondooro'ootii fi addee leetoo ifii san ammalle akka ani dhaggu hin godha. \v 26 Garuu inni, ‹Ani sitti hin gammanne› yoo jedhe, waan fedhe na irratti godhuu ti; anille fudhatiisaaf qophoweera» jedhe. \v 27 Mootichi ammalle hayyicha Zaadoqiin, «Ati nama akka malee woy dooyuu motii? Ati ilma keeti Ahimaazii fi ilma Abiyaataarii Yonaataan woliin gara qacha'aa nageyaan deebi'i. Atii fi Abiyaataar ilmaan teessan lamaan san fudhadha'aatii deema'a. \v 28 Ani oduu haga si irraa dhage'utti malkaa laga goomolee keessa jiruu bira tura» jedhe. \v 29 Maarre Zaadoqii fi Abiyaataar Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa fuudhanee gara Yerusaalemii deebi'anee achuma turane. \p \v 30 Daawiti ammoo mataa hagooggatee bowaa miila duwwaa gara gaara ejersaa ol baye; kolbaan isa woliin jirtulle martinuu mataa hagooggattee bowaa ol baate. \v 31 Achiin duuba, «Ahiitofel worra Abiishaalom woliin mala dhowe keessa jira» jedhanee Daawititti himane; maarre Daawiti, «Ee, Mootii Waan Maraa mala Ahiitofel dhowe san bu'aa akka hin qabaanne godhi» jedhee daadimate. \p \v 32 Daawiti qaccee kooba namooti Waaqa waaqonsanuu yennaa geye, Hushaayi nami biyya Arkii woyaa ifii ta gaddaa tarsaasee, bukuu mataa ifii irratti firfirsee isa fudhatiisaaf dhufe. \v 33 Daawiti isaan, «Ati na woliin yoo deente ba'aa natti teeta; \v 34 garuu gara qacha'aa deebitee Abiishaalomiin, ‹Ee mooticha, ani tajaajilaa keeti si'iif hin te'a; ani kanaan qara tajaajilaa abbaa keetii te'eeraayyu; amma ammoo si hin tajaajila› yoo jette, mala Ahiitofel dhowe akka bu'aa hin qabaanne godhiisaan na hin gargaarta. \v 35 Hayyooti Zaadoqii fi Abiyaataar si woliin achi waan jiranuuf ati waan mana mootumma'aa keessatti dhageette mara isaanitti himi. \v 36 Ilmi Zaadoqii Ahimaazii fi ilmi Abiyaataarii Yonaataan lamaanuu isaan woliin achi jiran; waan dhageette mara karaa isaaniitiin natti ergi» jedhe. \p \v 37 Maarre Hushaayi jaalli Daawitii yennuma Abiishaalom qachaa Yerusaalemii seene, innille achi geye. \c 16 \s1 Daawitii Fi Ziibaa \p \v 1 Daawiti qaccee gaaraa irra haga diqqoo yennaa deeme, Ziibaan tajaajilaan Mefii-Bosheetii daabboo dhibba lama, xaltaa midhaan woyni'ii dhibba tokko, xaltaa midhaan harru'uu dhibba tokko fi daadhii woyni'ii qalqalluu tokko harreelee lamatti fe'ee, isa fudhatiisaaf dhufe. \v 2 Mootichi Daawiti, «Kana mara maaf fidde?» jedhee Ziibaa gaafate. \p Ziibaan deebisee, «Harreelee, maatiin mootichaa akka irra teettuuf, daabboo, midhaan harru'uutii fi woyni'ii dargaggooti akka nyaatanuuf, daadhii woyni'ii worri goomolee keessatti dadhabe akka unanuuf fide» jedhe. \p \v 3 Achiin duuba Mootichi, «Akaakoon\f + \fr 16:3 \fr*\fqa Akaakoo: \fqa*\ft Akaakoon kun ilma ilma isaa ti.\ft*\f* goottaa keetii eessa jira?» jedhee gaafate. \p Ziibaan deebisee, «Inni, ‹Kolbaan Israa'elii mootummaa akaakoo kiyyaa adha deebisanee naaf hin kennan› jedhee waan hedeef, Yerusaalem keessatti hafeera» jedhe. \p \v 4 Achiin duuba mootichi Ziiba'aan, «Kunoo, wonni Mefii-Bosheet qabu marti keeti» jedhe. \p Ziibaan ulfinna mootichaatiif gad gombifamee, «Ee goottaa kiyya mooticha, ulfaadhu! Anummaan si duratti fudhatama dhaggadhuu ti» jedhe. \s1 Shime'i Daawiti Abaare \p \v 5 Mootichi Daawiti qachaa Bahuriimii yennaa geye, sanyii Saa'olii keessaa ilmi Geraa Shime'i dhufe; inni Daawiti abaaraa gad baye. \v 6 Loltootii fi eeddoti mootichaa marti bita'aa fi midda Mooticha Daawitii jiraatanulle, inni Daawitii fi qondaaltota isaatitti dhakaa qolaanse. \v 7 Shime'i yennaa Daawiti abaaru, «Ati nama dhiigaa! Ati nama hama'a asii bayi; asii bayi! \v 8 Dhiiga ati mana Saa'olii keessatti dhangalaatte maraaf, ta ati addee isaatitti mootii teeteef, Mootiin Waan Maraa haluu si bayiisatti jira; Mootiin Waan Maraa mootummaa teeti ilma keeti Abiishaalomitti dabarsee kenneera; ati nama dhiigaa waan teeteef, kunoo wonni hantuun sitti dhufiisatti jirti!» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba ilmi Zeruyaa Abiishaayi mootichaan, «Sareen du'e kun attam goottaa kiyya mooticha abaara? Ani dhaqee mataa isaa isa irraa kuta» jedhe. \p \v 10 Mootichi ammoo, «Isin ilmaan Zeruyaan deette, maanti dubbii tiyya keessa isin galche? Mootiin Waan Maraa namichaan, ‹Daawiti abaar› jedheen yoo abaaraa jiraate, ‹Ati maaf tana goota?› jedhee eentu isa gaafatiisa dande'a?» jedhe. \v 11 Achiin duuba Daawiti Abiishaayii fi qondaaltota isaa maraan, «Ilmi kiyya ka ani uumadhe na ijjeesiisaaf eega barbaade, Beniyaamichi kun attam irra caalaa na ijjeesiisaaf hin barbaadin ree? Maarre Mootiin Waan Maraa isatti waan dubbateef abaaruu ti lakkisa'a! \v 12 Mootiin Waan Maraa rakkinna kiyya dhaggee addee abaaramiisa kiyyaa adha waan dansaa naaf godha fa te'a» jedhe. \p \v 13 Maarre Daawitii fi namooti isaa karaa ifii ideemane; Shime'i dhakaa itti qolaansaa, bukuu itti bittinneessaa, isa abaaraa kooba cinaa isaa irra ideemaayyu. \v 14 Mootichii fi namooti isa woliin jiranu marti addee dhaqiisaaf hedane geyanee, guddoo waan dadhabaneef achitti foorfatane. \s1 Gorsa Ahiitofeliitii Fi Hushaayii \p \v 15 Yennuma san Abiishaalomii fi namooti Israa'elii marti gara Yerusaalemii dhufane; Ahiitofeliille isa woliin jiraayyu. \v 16 Achiin duuba jaalli Daawitii Hushaayiin Arkaa'ichi gara Abiishaalomii dhaqee, «Ee, mooti'i bara dheeraa le'i! Ee, mooti'i bara dheeraa le'i!» jedhe. \v 17 Abiishaalomille, Hushaayiin, «Addatamummaan ati jaala keetiif qaddu haguma kanaa? Ati maaf jaala keeti woliin hin deemin?» jedhee gaafate. \v 18 Hushaayiille Abiishaalomiin, «Lakkii! Ani nama Mootiin Waan Maraa, kolbaan tunii fi namooti Israa'elii marti filatanee ka isaa hin te'a; isa wolille'een hin le'a; \v 19 ani eega ilma goottaa kiyyaa hin tajaajilin eennu tajaajila? Akkuma abbaa keeti tajaajile sille hin tajaajila» jedhe. \p \v 20 Achiin duuba Abiishaalom Ahiitofeliin, «Me, nutti gorsi; maan godhuu qanna?» jedhe. \v 21 Ahiitofel Abiishaalomiin, «Gara gursumeeyyii abbaa keetii ka inni mana mootumma'aa akka eeganuuf asitti lakkisee dhaqiitii isaan woliin rafi; achiin duuba Israa'elooti marti akka ati abbaa keeti jibbite hin dhageetti; worri si woliin jirulle hunnaameyyii hin te'an» jedhee gorse. \v 22 Maarre heellichoo manaa gubba'atti Abiishaalomiif dunkaanii dhaabanee, inni achitti Israa'eloota mara duratti gursumeeyyii abbaa ifii woliin rafe. \p \v 23 Bara san gorsi Abiishaalom kennu marti akka nama jecha Waaqaa gaafatee fakkaata; akka kanaan Daawitii fi Abiishaalom gorsa Ahiitofelii fudhataniiyyu. \c 17 \s1 Hushaayi Abiishaalom dokonkorse \p \v 1 Ahiitofel Abiishaalomiin, «Nama kuma kudhanii lama filadhee, galgaluma adhaa Daawiti ari'a. \v 2 Inni dadhabee addii kutatee adoo jiruu, isa lolee bararassa; achiin duuba namooti isa woliin jiranu isa biraa hin baqatan; ani mootichi callaan qofi hafeeruun isa ijjeesee, \v 3 kolbaa mara gara keeti hin deebisa; duuti nama tokkoo ka ati barbaadduu, nami marti akka deebi'u hin gooti; kolbaan marti nageyaan hin leeti» jedhe. \v 4 Gorsi isaa kun Abiishaalomii fi jaarsolee Israa'elii mara gammachiise. \p \v 5 Abiishaalom ammoo, «Waan Hushaayiin Arkaa'ichi jedhu dhageennaatii, me isa waama'a» jedhe. \v 6 Hushaayi gara Abiishaalomii yennaa dhufe, Abiishaalom isaan, «Ahiitofel gorsa kana dhikeesseera; waan inni jedhe kana hin goonaa ree? Waawwo'o yoo jette yaada keeti nutti himi» jedhe. \v 7 Hushaayi deebisee Abiishaalomiin, «Gorsi Ahiitofel kenne yennaa kana dansa'aa moti. \v 8 Abbaan keetii fi namooti isaa worra lolaan beekkamane; worra akka doobbaa ilmee jalaa fuudhanee nama sodaachisuu akka te'ane hin beetta; abbaan keeti nama lola akka dansaa barateeru; inni loltoota woliin hin bulu. \v 9 Inni ammaayyuu goda keessa yookiin addee dhibii dhokateera fa te'a; inni qara lolee, nama keeti keessaa nami yoo du'e, nami tana dhage'e marti, ‹Loltooti Abiishaalomii marti dhumataneeran› jedhanee hin odeessan. \v 10 Abbaan keeti nama lolaan jannaa, namooti isa woliin jiranulle worra janna akka te'ane, Israa'elooti marti waan beekanuuf, nami janni lolaan beekkame ka gadhaan isaa akka gadhaa neenqaatuu isa sodaatee hin sheephisa. \v 11 Maarre, gorsi ani sitti gorsu ka asii gad jiru kana: Israa'elooti marti ka Daan irraa jalqaddee haga Bersheeba'aa jirtu ka laakkossi isaanii akka maansa abbaaya'aa si biratti wolitti qabamaneeranuun, atuu isaan sooressii isaan woliin duuli. \v 12 Achiin duuba nuuti addee inni dhaggamuu maratti isa hin lolla; akkuma fixeensi lafatti bu'u isa irratti hin buuna; innii fi namooti isaalle tokkolle lubbu'uun hin hafanu. \v 13 Inni gara qachaa tokkoo yoo baqatelle, Israa'elooti marti wodaroo finnee, dhakaan tokkolle adoo hin hafin qachaa san gad harkinnee dhooqa keessa hin buunna» jedhe. \p \v 14 Abiishaalomii fi Israa'elooti marti, «Gorsa Ahiitofelii caalaa gorsa Hushaayii Arkaa'ichaa woyya!» jedhane. Mootiin Waan Maraa Abiishaalom irratti badii buusiisaaf jedhee gorsi dansaan Ahiitofelii akka hin fudhatanne godhe. \p \v 15 Hushaayi gorsa Ahiitofel Abiishaalomii fi jaarsolee Israa'elii gorsee fi gorsa innille ifiif isaan gorse hayyoota Zaadoqii fi Abiyaataritti hime. \v 16 Itti dabalee, «Amma ariiti'iin Daawititti nama erga'aatii, ‹Ariiti'iin laga Yordaanosii bu'ii gamatti bayi malee, malkaa gara goomole'ee geessu hin bulin; yoo akkas hin godhin ati mootichii fi namooti si woliin jiranu marti hin liqinfantan› jedha'aa Daawititti hima'a!» jedhe. \p \v 17 Yonaataanii fi Ahimaaz gara qacha'aa yennaa seenanu nami akka isaan dhaggu waan hin barbaanneef, madda, «En-Rogeel» jedhamu bira turan; intalti tajaajiltuun takka achi dhaqaa waan mara isaanitti yennaa hintu, isaanille dhaqanee tanuma mooticha Daawititti himaniiyyu. \v 18 Dargaggeessi tokko ammoo isaan dhaggee, Abiishaalomitti hime; maarre isaan lamaanuu ariiti'iin ka'anee gara qachaa Bahuriimii dhaqanee, mana nama tokkootitti gorane; namichi sun badhinna dalleya ifii keessatti boolla bisaanii waan qabuuf, isaan achi keessa gad bu'ane. \v 19 Haati manaa ta namicha sanii afaan boolla sanii gollitee midhaan irratti atte; nami tokkolle marroo waan kanaa hin beenne. \v 20 Tajaajiltooti Abiishaalomii gara mana sanii dubartittii bira dhufanee, «Ahimaazii fi Yonaataan eessa jiran?» jedhanee gaafatane. \p Dubartittiin sunille deebittee isaaniin, «Isaan laga kanaan gama bu'anee bayaneeran» jette; tajaajiltooti sunille isaan barbaadanee waan dhabaneef gara Yerusaalemii deebi'ane. \v 21 Namooti sun deemaneen duuba, Ahimaazii fi Yonaataan boolla bisaanii san keessaa bayanee, gara mooticha Daawitii dhaqanee, «Ahiitofel si loliisaaf mala waan dhoweef, ka'iitii ariiti'iin laga kanaan gamatti bu'ii bayi» jedhane. \v 22 Maarre Daawitii fi namooti isa woliin jiranu marti ka'anee, laga Yordaanosii gamatti bu'anee bayane; haga latti bariitu nami Yordaanosiin gamatti bu'ee hin bayin hafe tokkolle hin jiru. \p \v 23 Ahiitofel gorsi isaa akka hin fudhatanne yennaa dhagge, harree ifii fe'atee gara qacha'aa ka manni isaa keessa jiruu san deeme; mana ifii sirreesseen duuba, suruurraa ifitti keyatee du'e; maarre inni du'ee addee awwaala abbaa ifii keessatti awwaalame. \p \v 24 Abiishaalomii fi Israa'elooti marti laga Yordaanosii gamatti bu'anee yennaa bayane, Daawiti qachaa Mahanaayaa geyeeraayyu. \v 25 Abiishaalom addee Yo'aabiititti, Amaasaa ajajaa loltootaa godhee file; Amaasaan ilma Yeterii Israa'elichaa ti; Yeter intala Naa'ashii Abigaayi fuudheeraayyu; isiin obboleettii Zeruyaa haadha Yo'aabii ti. \v 26 Israa'elootii fi Abiishaalom biyya Giil'aadii keessa qubatane. \p \v 27 Daawiti qachaa Mahanaayimii yennaa geye, ilmi Naa'ashii Shob ka qachaa Amoonotaa Raabaa keessaa dhufe, ilmi Amii'elii Maakiir ka qachaa Lodebaariitii dhufee fi Baarzilaayin Giil'aadichi ka qachaa Rogeeliimiitii dhufe isa fudhatane. \v 28 Isaan waan irra rafanu, qorii, meya faara irra hujame, qamadii, garbuu, bullaa, akumm'ee, baaqelaa fi misira, \v 29 damma, itittuu, hoole'ee fi baaduu Daawitii fi namoota isaatii fidane; isaan, «Kolbaan goomolee keessatti beelotteerti; dadhaddeerti; dheebotteerti» jedhanee waan kana fidane. \c 18 \s1 Du'a Abiishaalomii \p \v 1 Daawiti namoota isa woliin jiranu laakkowee, ajajaa kumaatii fi ajajaa dhibbaa isaaniif file. \v 2 Daawiti loltoota harka sad keessaa harka tokko irratti Yo'aab ajajaa godhee, harka sad keessaa harka tokko irratti obboleessa Yo'aabii ka Zeruyaan deette Abiishaayi ajajaa godhee, harka sad keessaa harka tokko irratti Iitaayii nama biyya Gaatii ajajaa godhee erge; mootichille loltootaan, «Anille dhugumaan isin woliin hin duula» jedhe. \p \v 3 Namooti ammoo isaan, «Ati hin duulin; nuuti yoo baqanne, isaan nu woyitti hin laakkowanu; nu keessaa gamisi yoo du'elle, isaan woyitti hin laakkowanu; ati nu namoota kana kuma caalta; tanaaf ati qachaa keessa jiraattee yoo nu qarqaarte woyya» jedhane. \v 4 Mootichi deebisee isaaniin, «Ani waan isinitti toltee mudhatte hin godha» jedhe; maarre namooti dhibba dhibbaa fi kuma kumaan yennaa hiriiranee bayanu, mootichi balbala karraa bira dhaabbateeraayyu. \v 5 Mootichille Yo'aab, Abiishaayii fi Iitaayiin, «Anaaf jedha'aatii Abiishaalomii dargaggicha harka irra qaba» jedhee ajaje; mootichi marroo ilma ifii Abiishaalomii fi ajajjoota tokko tokkoofuu ajaja yennaa kennu, loltooti marti dhageette. \p \v 6 Loltooti Daawitii, Israa'eloota Abiishaalom woliin jiranu loliisaaf duulanee, gongomaa Efreemii keessatti wol lolane. \v 7 Achitti loltooti Daawitii loltoota Israa'elii injifatte; lolli guyyaa sanii jabaa waan te'eef, nami kum diddam dhumate. \v 8 Lolli sun biyya mara dhaqqabee guyyaa san namoota lola keessatti dhumatane irra ka gongomaa keessatti dhumatanetti caala. \p \v 9 Abiishaalomii fi loltooti Daawitii dedhuma wolitti bayane; Abiishaalom gaangee irraa te'ee deemiisatti waan jiruuf, gaangeen gongomaa ciggaa keessaa muka guddaa tokko jalaan adoo dabartuu, mataan Abiishaalomii mukaan qabame; gaangeen inni irra tee'e muka san jalaan yennaa dabartu, Abiishaalom rarra'ee hafe. \v 10 Nami tokko tana yennaa dhagge, «Kunoo, Abiishaalom muka irratti rarra'eeruun dhagge» jedhee Yo'aabitti hime. \p \v 11 Yo'aab nama oduu tana isatti himeen, «Maan jette? Isa dhaggitee? Maaf achumatti lafatti isa gad buuttee hin ijjeesin? Silaa ani meetii gara giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shaniitii fi hiituu loltootaa si badhaasaayyu» jedhe. \p \v 12 Namichi ammoo deebisee, «Mootichi adoo nuuti dhageennuu, ‹Dargaggeessichi Abiishaalom akka hin miidhanne naaf jedha'aatii harka irra qaba'a› jedhee si'i, Abiishaayii fi Iitaayi waan ajajeef, adoo ati meetii gara kiiloogiraama kudha tokkoo harkatti naaf kennitelle'e, ani ilma mootichaa hin ijjeesu. \v 13 Ani adoo isa ijjeesee jiraadhee, mooticha wonni dhokatu waan hin jirreef, atinuu natti hin dhiyaattuuyyu» jedhe. \p \v 14 Yo'aabille, «Ani tanaaf si hin eegu» jedhee, eboo sad qabatee dhaqee, Abiishaalom muka irratti rarra'ee lubbu'uun adoo jiruu gadhaa isaa woraane. \v 15 Namooti dargaggooti kudhan ka Yo'aabiif meya lolaa ba'atanu, Abiishaalom marsanee woraananee ijjeesane. \p \v 16 Achiin duuba Yo'aab lolli akka qabbanowuuf tultullaa afuussise; loltootille Israa'eloota ari'iisa lakkisane. \v 17 Isaan reeffa Abiishaalomii fuudhanee, boolla guddoo gongomaa keessa jirtu keessa qolaansanee, dhakaa gugurdaa isa irratti tuulane; yennuma san Israa'elooti marti gara mana mana ifii baqatane. \p \v 18 Abiishaalom, «Ilma maqaa kiyya waansisu hin qabu» jedhee waan yaadeef, adoo lubbu'uun jiruu, addee, «Dhooqa mootichaa» jedhanutti maqaa ifiitiin soodduu waan dhaabeef, haga adhaa «Soodduu Abiishaalomii» jedhamee waamama. \s1 Du'a Abiishaalomii Daawititti himane \p \v 19 Achiin duuba Ilmi Zaadoqii Ahimaaz, «Mootiin Waan Maraa harka diinotaa jalaa isa waan baaseef, fiigee dhaqee oduu gammadaa tana mootichatti hima» jedhe. \p \v 20 Yo'aabille isaan, «Ilmi mootichaa waan du'eef, oduu gammadaa tana guyyaa dhibii himi malee adha itti hin himin» jedhe. \v 21 Achiin duuba Yo'aab nama biyya Itoophiya'aa\f + \fr 18:21 \fr*\fqa Nama biyya Itoophiya'aa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa nama biyya Kuushii \fqa*\ft jedha.\ft*\f* tokkoon, «Dhaqiitii waan dhaggite mara mootichatti himi» jedhe; nami biyya Itoophiya'aa sunille Yo'aab duratti fuulaan lafatti gad gombifameen duuba ka'ee fiige. \p \v 22 Ilmi Zaadoqii Ahimaaz ammalle Yo'aabiin, «Wonni feete dhuttuutii, maganne'ee nama biyya Itoophiya'aa kana gula fiiguu?» jedhe. \p Yo'aab ammoo deebisee, «Ilma kiyya, ati oduu gammada hintee ta badhaasa dhaggattu hin qaddu, maaf deemiisa barbaadda?» jedhe. \p \v 23 Ahimaaz, «Wonni feete dhuttuutii ani hin fiiga» jedhe; \p Maarre Yo'aab, «Fiigi lam!» jedheen; achiin duuba Ahimaaz karaa dhooqa Yordaanosii fiigee, nama biyya Itoophiya'aa san dura taree deeme. \p \v 24 Daawiti karra qachaa sanii ta gara keessaatii fi ta gara alaa wodhakkaa te'ee adoo jiruu, eeddichi tokko karaa dalleyaatiin gara heellichoo karaa karra qacha'aa jirtuu ol bayee gara alaa yoo ilaalu, namichi tokko qofii ifii fiiguun dhagge. \v 25 Eeddichi sun mooticha waamee itti hime; mootichille, «Inni qofii ifii yoo jiraatee, oduu gammadaa qaba» jedhe; namichille isaanitti dhiyaataa dhufe. \p \v 26 Achiin duuba eeddichi nama dhibii fiigaa dhufu dhaggee, eeddicha karraa waamee, «Kunoo ammalle nami tokko qofii ifii fiigaa dhufiisatti jira» jedhe. \p Mootichi deebisee, «Kunille oduu gammadaa qaba» jedhe. \p \v 27 Eeddichi sun, «Fiigichi namaa duraa, ilma Zaadoqii Ahimaaz fakkaata» jedhe. \p Mootichille, «Inni nama dansa'a! Oduu gammadaa fidee dhufiisatti jira» jedhe. \p \v 28 Ahimaaz iyyee mooticha waamee, «Wonni marti si'iif teeteerti!» jedhee, mooticha duratti lafatti gad gombifamee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka worra si goottaa kiyya mooticha irratti ka'ane dabarsee kenne leellifamuu ti!» jedhe. \p \v 29 Mootichille, «Dargaggeessi Abiishaalom fayya'aa?» jedhee isa gaafate. \p Ahimaaz deebisee, «Yo'aab tajaajilaa mootichaatii fi ana yennaa ergu, hogaa guddaa tokko dhage'eera; ammoo maan akka te'e hin beeku» jedhe. \p \v 30 Mootichille, «Me, achi dabarii dhaabbadhu!» jedhe; Ahimaazille dabaree dhaabbate. \p \v 31 Achiin duuba nami biyya Itoophiya'aa sun dhufee, «Goottaa kiyya mooticha, oduu gammadaa dhage'i! Mootiin Waan Maraa diinota si irratti ka'ane jalaa si baaseera!» jedhe. \p \v 32 Mootichille nama biyya Itoophiya'aa saniin, «Dargaggeessichi Abiishaalom fayya'aa?» jedhee gaafate. \p Nami biyya Itoophiya'aa sun deebisee, «Diinoti goottaa kiyya mootichaatii fi worri si irratti ka'u marti akka dargaggeessicha sanii te'anuu ti» jedhe. \p \v 33 Mootichille rifatee hollate; kolloo karra gubbaa jirtu gubbaa bayee bowe; akkuma ol bayeen, «Aannee, ilma kiyya Abiishaalom! Ilma kiyya, ilma kiyya Abiishaalom! Ani addee teeti adoo du'ee jiraadhee! Aannee Abiishaalom, ilma kiyya, ilma kiyya!» jedhe. \c 19 \s1 Yo'aab Daawitiif Gorsa Kenne \p \v 1 «Mootichi Daawiti ilma ifii Abiishaalomiif bowaa gaddiisatti jira» jedhanee Yo'aabitti himane. \v 2 Guyyaa san, «Mootichi ilma ifiitiif gaddeera» oduu jettu loltooti waan dhageetteef, injifachaan guyyaa sanii loltoota duudii biratti gara gaddaa jijjiirame. \v 3 Akka loltooti lola keessaa baqatte, fokkifattee dhokattee galtuu, guyyaa san kolbaan dhokattee gara qacha'aa deebitee galte. \v 4 Mootichi fuula ifii hagooggatee, «Aannee ilma kiyya Abisaalom! Aannee Abiishaalom! Ilma kiyya! Ilma kiyya!» jedhee iyyee bowe. \p \v 5 Achiin duuba Yo'aab gara mana mootichaa dhufee, «Ati adha namoota lubbuu teeti, lubbuu ilmaan teetiitii fi durra teetii, lubbuu niitota teetiitii fi gursumeeyyii teetii hamburane mara qaanessiteerta. \v 6 Ati worra si jibbu jaalattee, worra si jaalatu jibbita; ajajjooti loltoota teetiitii fi loltooti isaanii si'iif akka woy hin baane ati adha beessitteerta; adha Abiishaalom lubbuu hafee, nuuti marti adoo duunee jiraanne akka ati gammaddu ani adha dhagge. \v 7 Amma ka'iitii namoota jajjabeessi; yoo didde, dhugaa Mootii Waan Maraa ka ka jiraataa te'ee, nami tokkolle galgala kana si biratti hin hafu; tunille farra haga ijoollummaa teetiitii jalqabee si irratti te'e mara caalaa rakkinna si irratti hin fida» jedhe. \v 8 Maarre mootichi ka'ee karra dura tee'e; namoota maratti, «Mootichi karra dura te'eera» jedhanee yennaa himane, marti isaanii gara isaa dhufane. \s1 Daawiti Gara Yerusaalemii Deebi'e \p Yennaa san Israa'elooti marti gara mana mana ifii baqataneeraniiyyu. \v 9 Gosa Israa'elii mara keessatti kolbaan, «Mootichi harka diinota keennaa jalaa nu baaseera; harka Filisxeemotaa jalalle'ee ka nu baase isa; amma ammoo marroo Abiishaalomiitiif biyyaa baqateera. \v 10 Abiishaalom ka nuuti akka nu bulchuuf filanne, lola keessatti du'eera; maarre mooticha deebinnee fidiisaaf maaf cadhi jettan ree?» jedhaa wol moromane. \p \v 11 Mootichi Daawiti gara hayyoota Zaadoqii fi Abiyaataarii nama ergee, «Jaarsolee Yihuda'aatiin, ‹Waan Israa'el jettu mara ani adduma jirutti dhage'eera; maarre isin mooticha gara mana mootummaa isaa deebittanee fidiisaaf, dura aaniisaaf adoo maltanuu isin maaf duubatti hattane? \v 12 Isin obboleeyyan foonii fi dhiiga kiyyaa ti; mooticha gara mana mootummaa isaa deebittanee fidiisaaf, dura aaniisaaf adoo maltanuu maaf duubatti hattanee ree?› jedha'a. \v 13 Amaasaalle'een, ‹Atille foonii fi dhiiga kiyyaa motii ree? Ammaa jalqabee, addee Yo'aabiititti ajajaa loltoota tiyyaa yoo si hin godhin Waaqi na ijjeesuu ti!› jedha'aan» jedhe. \v 14 Inni kolbaan Yihuda'aa marti gadhaa tokkochaan gara isaa akka deebitu godhe; isaanille, «Atii fi namooti keeti marti deebi'a'a» jedhanee itti ergane. \p \v 15 Achiin duuba mootichi deebi'ee haga laga Yordaanosii dhufe; kolbaan Yihuda'aalle mooticha fudhatanee laga Yordaanosii gamatti buusanee baasiisaaf haga Giilgalii dhufaneeraniiyyu. \v 16 Ilmi Geraa Shime'i nami biyya Beniyaaminii, qachaa Bahuriimii keessaa mooticha Daawiti fudhatiisaaf, namoota Yihuda'aa woliin ariifatee gad bu'e. \v 17 Isa woliin kolbaan Beniyaaminii kuma tokko, tajaajilaan mana Saa'olii Ziibaalle ilmaan ifii kudha shanii fi tajaajiltoota ifii diddama woliin isa woliin jiraayyu; isaan ariiti'iin gara laga Yordaanosii addee mootichi jiru geyane. \v 18 Isaan maatii mootichaa fidiisaaf, waan inni fedhu mara godhiisaafille karaa malka'aatiin gamatti bu'anee bayane. \p Ilmi Geraa Shime'i laga Yordaanosii gamatti bu'ee bayee, mooticha duratti fuulaan lafatti gad gombifamee, \v 19 mootichaan, «Goottaa kiyya yakkaa tiyya natti hin laakkowin; guyyaa ati mootichi goottaan kiyya Yerusaalem keessaa baate, ani tajaajilaan keeti waan si yakke hin qaabatin; gadhaa keetille'etti hin qabatin. \v 20 Ani tajaajilaan keeti cubbuu akka huje beekeera; adha ammoo goottaa kiyya mooticha fudhatiisaaf, sanyii Yoseefii mara keessaa ani dursee dhufeera» jedhe. \p \v 21 Achiin duuba ilmi Zeruyaan deette Abiishaayi, «Shime'i nama Mootiin Waan Maraa muude waan abaareef ijjeefamuu qaba» jedhe. \p \v 22 Daawiti ammoo, «Isin ilmaan Zeruyaan deette, dubbii tiyya keessa maanti isin galche? Guyyaa adhaa isin diina natti teetaneertan. Adha Israa'el keessaa nami du'uu qabaa ree? Amma ani mootii Israa'elii ti» jedhe. \v 23 Maarre mootichi Daawiti Shime'iin, «Hin duutu!» jedhee kakateef. \p \v 24 Achiin duuba akaakoon Saa'olii Mefii-Bosheet mooticha fudhatiisaaf dhaqe; guyyaa mootichi ari'ameen jalqabee haga inni nageyaan deebi'ee galeetitti, Mefii-Bodheet miila ifii hin dhiqanne, areeda ifii hin haadanne, woyaa ifiille hin dhiqanneeyyu. \v 25 Inni mooticha fudhatiisaaf gara Yerusaalemii yennaa dhufe, mootichi, «Mefii-Bosheet! Ati maaf na woliin deemiisa didde?» jedhee isa gaafate. \p \v 26 Mefii-Bosheet deebisee, «Goottaa kiyya mooticha, ani tajaajilaan keeti naafa waan te'eef, ‹Mooticha woliin akka deemu harree kooraa itti naa fe'i› jedheeraayyu; garuu tajaajilaan kiyya Ziibaan na sobe. \v 27 Goottaa kiyya mooticha duralle'etti ana tajaajilaa keeti maqaa balleesseera; ati goottaan kiyya mootichi akka ergamaa Waaqaa waan teeteef, waan feete mara godhi. \v 28 Ati silaa sanyii abbaa kiyyaa mara ijjeesuu malee, waan dansaa isaaniif godhu hin qadduuyyuu. Te'uu malee ana tajaajilaa keeti worra qorii teeti keessaa nyaatu woliin tee'ee akka nyaadhu na gooteerta; maarre tana caalaa mooticha gaafatiisaaf mirga maan qaba ree?» jedhe. \p \v 29 Mootichille isaan, «Tana caalaa hin dubbatin; atii fi Ziibaan fichaa mara akka qoodantanuuf ani ajajeera» jedhe. \p \v 30 Mefii-Bosheet mootichaan, «Atummaan mootichi goottaan kiyya baga nageyaan deebite; inni waan maraayyuu fudhatuu ti» jedhe. \p \v 31 Baarzilaayiin Giil'aadichi, ka biyya Rogeeliimiitii dhufe, mooticha geegessiisaaf isa woliin laga Yordaanosii bu'ee gamatti baye. \v 32 Baarzilaayi jaarsa woggaa saddeettamaa ti; inni dureessa waan te'eef, yennaa mootichi biyya Mahanaayimii jiru, sagalee isaaf geesseeraayyu. \v 33 Mootichille Baarzilaayiin, «Na woliin gamatti bu'ii bayiitii Yerusaalem keessa na woliin le'i; anille waan si'iif barbaachisu mara si'iif hin kenna» jedhe. \p \v 34 Barizilaayi ammoo deebisee, «Ani nama ganna hagam le'utti, mooticha woliin gara Yerusaalemii deema? \v 35 Ani amma nama woggaa saddeettamaa ti; waan hama'aa fi dansaa gargar baasee beekuu hin dande'aa ree? Haganaa achi tajaajilaan keeti mi'a'aa fi bushaa waan nyaatuutii fi waan unuu gargar baasee hin beekaa? Qoonqoo sirbaa ta ijoollee dhiiraatii fi durraa dhage'iisa hin dande'aa? Ani tajaajilaan keeti goottaa kiyya mootichatti maaf ba'aa te'a ree? \v 36 Ani tajaajilaan keeti mooticha woliin laga Yordaanosii gamatti bu'ee bayee haga diqqaa si hin geegessa; ati ammoo maaf badhaasa akkasii kana naaf kennita ree? \v 37 Ani qachuma kiyya keessatti du'ee, addee awwaala abbaa kiyyaatii fi haadha tiyyaa biratti akka awwaalamu, deebi'ee deemuu barbaada; ammoo tajaajilaan keeti Kiimhaam kunoo asi jira; inni si goottaa kiyya mooticha woliin gamatti bu'ee bayuutii, waan si gammachiise isaaf godhi» jedhe. \p \v 38 Mootichille, «Kiimhaam na woliin gamatti bu'ee bayuu ti; anille waan si gammachiise isaaf hin godha; waan ati na irraa barbaaddu mara si'ille'eef hin godha» jedhe. \v 39 Maarre kolbaan marti laga Yordaanosii gamatti buutee baate; mootichille gamatti bu'ee baye. Mootichi Daawiti Baarzilaayi sunqatee eebbise; Baarzilaayinille gara mana ifii deebi'e. \p \v 40 Mootichi Daawiti Giilgal gamatti bu'ee yennaa baye, Kiimhaamille isa woliin gamatti bu'ee baye; loltooti Yihuda'aa martii fi loltooti Israa'elii gariin mooticha bookarsanee gamatti buusanee baasane. \v 41 Yennuma san namooti Israa'elii marti gara mootichaa dhufanee, «Obboleeyyan teenna namooti Yihuda'aa si mooticha fuudhanee, maatii keetii fi namoota keeti mara woliin dhossa'aan maaf laga Yordaanosii gamatti buusanee baasane?» jedhane. \p \v 42 Namooti Yihuda'aa marti deebisanee namoota Israa'eliitiin, «Mootichi fira keenna waan te'eef nuuti tana goone; isin marroo tanaaf maaf aartan ree? Nuuti mooticha irraa woy nyaanneerraa ree? Yookiin nuuti ifii waan tokkolle fudhanneerraa ree?» jedhane. \p \v 43 Achiin duuba namooti Israa'elii deebisanee namoota Yihuda'aatiin, «Nuuti harka kudhan isin caalla; Daawiti irralle'etti isin caalaa mirga qanna; isin maaf nu tuffattan ree? Mootichi akka nu'uuf deebi'u ka dursinee gaafanne nu'u motii?» jedhane. \p Namooti Yihuda'aa ammoo namoota Israa'elii caalaa deebii jadduu kennane. \c 20 \s1 Sheebaan Daawiti Irratti Ka'e \p \v 1 Yennaa san ilmi Biikrii Sheebaan Beniyaaminichi nami yabaabulaan tokko achi jiraayyu; inni tultullaa afuufee, «Nuuti Daawiti irraa qooda hin qannu; ilma Iseyii woliin tokkummaa hin qannu; ee, kolbaa Israa'elii tokko tokkoon keessan gara dunkaanii teessanii deebi'a'a!» jedhe. \v 2 Maarre kolbaan Israa'elii marti Daawiti lakkisanee ilma Biikrii Sheebaa hordofane; kolbaan Yihuda'aa ammoo Yordaanosii jalqabanee haga Yerusaalemii mootii ifii woliin turane. \p \v 3 Daawiti gara mana mootumma'aa ka Yerusaalem keessaatitti yennaa deebi'e, gursumeeyyii kudhan ka mana mootumma'aa akka eeganuuf lakkise san achii fuudhee, mana tokko keessa galchee achitti akka isaan eeganu godhe; inni sagalee isaaniif kenne; te'uu malee isaan bira hin geenne; isaan haga du'aatitti akka haadhotii hiyyeessaa te'anee, qofii ifii adda bayane le'ane. \p \v 4 Achiin duuba mootichi Daawiti Amaasaa'aan, «Kolbaan Yihuda'aa guyyaa sad keessatti gara kiyya akka dhuttu waami! Atille isaan woliin dhaggam!» jedhe. \v 5 Amaasaan ammoo kolbaa Yihuda'aa waamiisaaf deeme; garuu guyyaa mootichi murteesse caalaa ture. \v 6 Daawitille Abiishaayiin, «Ilmi Biikrii Sheebaan Abiishaalom caalaa nu hin miidha; akka inni qachaa dalleya dhaka'aatiin ijaarame dhaggee nu duraa hin milindhe, namoota goottaa keetii qabadhuutii isa ari'i!» jedhe. \v 7 Maarre namooti Yo'aabii, Keretootot, Pheletoototii fi loltooti jajjabi marti Abiishaayi woliin deemane; isaan ilma Biikrii Sheebaa ari'iisaaf Yerusaalem keessaa bayane. \v 8 Isaan rassaa guddaa Giibe'on keessa jiru bira adoo jiranuu, Amaasaan isaan bira dhufe; Yo'aab woyaa lolaa uffatee, shallaagaa hidhatti hidhateeraayyu; yennaa inni gara duraa deemiisaaf miila ifii fudhatu shallaagaan isaa gonofaa keessaa bu'e. \v 9 Yo'aabille Amaasaa'aan, «Obboleessa kiyya, akkam jirta?» jedhe; achiin duuba Amaasaa waan sunqataaruu fakkaatee harka middaatiin areeda isaa qabe; \v 10 Amaasaan ammoo Yo'aab shallaagaa akka qabateeru waan hin beekiniif ifi hin eeganeeyyu; Yo'aab shallaaga'aan gadhaa isaa hordee, madhumaan isaa lafatti gad dhowe; inni adoo itti hin lammeessin Amaasaan achumatti du'e; achiin duuba Yo'aabii fi obboleessi isaa Abiishaayi, ilma Biikrii Sheebaa ari'iisa jalqabane. \v 11 Namoota Yo'aabii keessaa tokko reeffa Amaasa'aa bira dhaabbatee, «Nami Yo'aab jaalatu, ka Daawitiille ka te'e marti Yo'aab hordofuu ti!» jedhe. \v 12 Reeffi Amaasa'aa dhiigaan badee wodhakkaa kara'aa irkateera; nami karaa san dabaru marti dhaabbatee reeffa Amaasa'aa akka ilaalaaru nami sun yennaa dhagge, reeffa Amaasa'aa karaa irraa gara ficha'aa harkisee woyaa irra buuse. \v 13 Reeffi Amaasa'aa karaa irraa ka'een duuba, namooti marti Yo'aab woliin ilma Biikrii Sheebaa ari'iisaaf deemane. \p \v 14 Sheebaan biyya gosa Israa'elii mara keessa dabaree, gara qachaa Abeel Bet-Ma'aka'aa ka biyya gosa Biikrii keessa jiruu dhufe; namooti Biikrii marti wolitti qabamanee isa hordofane. \v 15 Loltooti Yo'aab woliin jiranu marti dhufanee, qachaa Abeel Bet-Ma'akaa ka Sheebaan keessa jiru marsanee, gara alaatiin haga qaccee qacha'aatitti, kaabii itti ijaarane; kaabii san diigiisaaf hunnaan yennaa dhowanu, \v 16 dubartiin qarittiin takka qoonqoo ifii ol qabattee, «Dhage'a'a! Dhage'a'a! Yo'aabitti waan himu qabaa asi akka dhufu isatti naaf hima'a» jette \v 17 Yo'aab gara isi'ii yennaa dhufe, isiin, «Yo'aab si'ii?» jettee gaafatte. \p Innille deebisee, «Ee, ana» jedhe. \p Isiille, «Waan ani tajaajiltuun teeti si'iin jedhu dhage'i» jette. \p Innille, «Ee, hin dhage'a!» jedheen. \v 18 Isiin ammalle, «Bara durii namooti, ‹Qachaa Abeelii dhaqa'aatii gorsa gaafadha'a› jedhaniiyyu; akka kanaan haajaan isaan qabanu isaaniif muummowa. \v 19 Biyya Israa'elii keessatti worra nageyaa fi addatamummaa qabanu keessaa takkattiin ana; ati qachaa Israa'el keessatti haadha te'e balleessiisaaf wodhaaniisatti jirta; dhaala Mootiin Waan Maraa nu'uuf kenne balleessiisaaf maaf barbaadda?» jette. \p \v 20 Yo'aab deebisee, «Balleessiisi yookiin diigiisi na irraa fagaatu! Ammalle na irraa fagaatuu ti! \v 21 Dubbiin akkasii moti; ilmi Biikrii Sheebaan nami biyya koobittii Efreemii mooticha Daawiti irratti ka'eera; isin isuma callaa dabarsa'aa natti kenna'a, ani qachaa kana lakkisee hin deema» jedhe. \p Dubartittiille Yo'aabiin, «Mataan isaa dalleya dhaka'aa irraa gad si'iif hin darbama» jette. \p \v 22 Achiin duuba dubartittiin gara kolbaa mara dhaxxee gorsa ifii ta qarumma'aa kana dubbatte; isaanille mataa Sheebaa ilma Biikrii muranee Yo'aabiif darbane; maarre Yo'aab tultullaa afuufee namooti isaa marti qachaa keessaa bayanee gara mana ifii deebi'ane; Yo'aabille gara mootichaa gara Yerusaalemii deebi'e. \p \v 23 Yo'aab loltoota Israa'elii mara irratti ajajaa te'e; ilmi Yehoyaada'a Benaayaan Keretootaa fi Pheletoota irratti ajajaa te'e. \v 24 Adoniiraam worra hujii hunnaa huju irratti itti gaafatamaa te'e; ilmi Ahiiludii Yoshaafaax ammoo barreessaa dabarsi'ii te'e. \v 25 Shewaan barreessaa, Zaadoqii fi Abiyaataar hayyoota; \v 26 Iira nami biyya Yaa'iirii hayyicha Daawitii ti. \c 21 \s1 Namooti Giibe'onii Haluu Bayane \p \v 1 Bara bulchiinsa Daawitii haga woggaa sadii beelti buute; maarre Daawiti marroo waan kanaa Mootii Waan Maraa gaafate; Mootiin Waan Maraalle, «Saa'ol namoota Giibe'onii ijjeesee, innii fi maatiin isaa worra dhiigaa waan te'aneef tun teete» jedhe. \v 2 Mootichi Daawiti worra Giibe'onii waame; worri Giibe'onii worra Amoorota keessaa lubbu'uun hafe malee sanyii Israa'elootaatii moti; Israa'elooti isaan eegiisaaf kakatanulle, Saa'ol kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aatiifille hinaaffaa waan qabuuf isaan mara balleessiisaaf barbaade. \v 3 Daawiti, «Maan isiniif godha? Kolbaa Mootii Waan Maraa tana akka eebbittanuuf qodha maan isiniif kenna» jedhee isaan gaafate. \p \v 4 Namooti Giibe'onii deebisanee isaan, «Nuuti Saa'olii fi maatii Saa'olii irraa meetii yookiin worqii fudhatiisa yookiin Israa'eloota keessaa eennulle ijjeesiisaaf mirga hin qannu» jedhane. \p Innille, «Maan akka isiniif godhu barbaaddan ree?» jedhee isaan gaafate. \p \v 5 Isaan deebisanee mootichaan, «Saa'ol nu mara balleessee, biyya Israa'elii keessatti addee akka hin qabaanne mala nu irratti dhoweeraayyu, \v 6 maarre sanyii isaa keessaa ilmaan dhiiraa torba harka keennatti dabarsii kenni; nuutille biyya Saa'olii ka Mootiin Waan Maraa filate keessatti, Mootii Waan Maraa duratti isaan ijjeennee hin fanninna» jedhane. \p Maarre mootichille, «Isaan harka keessanitti dabarsee hin kenna» jedhe. \p \v 7 Te'uu malee Daawitii fi ilmi Saa'olii Yonaataan maqaa Mootii Waan Maraatiin woliif waan kakataneef, mootichi Daawiti akaakoo Saa'olii ilma Yonaataanii Mefii-Bosheet du'a irraa hambure. \v 8 Mootichi ammoo ilmaan lamaan Armonii fi Mefii-Bodheet ta intalti Ayyaa Riizphaan Saa'oliif deette, ilmaan dhiiraa shan ta intalti Saa'olii Meraab, ilma Baarzilaayii Meholaatichaa Adrii'eliif deettelle fuudhee, \v 9 harka worra Giibe'oniititti dabarsee kenne; isaanille isaan ijjeesanee kooba irratti Mootii Waan Maraa duratti fannisane; isaan torbaanuu yennuma tokko du'ane; isaan ji'a birra'aa yennaa garbuun haamamuu jalqabu ijjeefamane. \p \v 10 Intalti Ayyaa Riizphaan woyaa gaddaa fuutee, addee reeffi worra ijjeefame jiru bira rassaa irratti afatte; yennaa haammaa midhaaniitii jalqaddee haga bokkeenni ol-gubba'aa reeffa ilmaan isi'ii irratti roobutti achi turte; isiin guyyaa allaatiin, halkan bineensi reeffa isaanii akka hin geenne dhooggite. \p \v 11 Intalti Ayyaa Riizphaan gursumeettiin Saa'olii waan goote kana yennaa Daawititti himane, \v 12 inni dhaqee lafee Saa'oliitii fi lafee ilma isaa Yonaataanii worra Yaabesh-Giil'aadii irraa fuudhe; worri Filisxeemotaa kooba Giilbo'aa irratti Saa'ol ijjeesaneen duuba addee isaan reeffa isaanii fannisane, badhinna Bet-Shaanii keessaa worri Yaabeshii lafee isaanii dhossa'aan fudhataneeraniiyyu. \v 13 Daawitille lafee Saa'oliitii fi lafee ilma isaa Yonaataanii achii fide; lafee ilmaan Saa'olii torbaa ka worra ijjeefamanee fannifamane saniille wolitti qabane. \v 14 Lafee Saa'oliitii fi lafee Yonaataanii ilma isaa, biyya Beniyaamii addee, «Zelaa» jedhantutti addee awwaala Qiishii abbaa Saa'olii keessatti awwaalane; isaan waan mootichi ajaje mara godhane; achiin duuba Mootiin Waan Maraa daadimata kolbaan marroo lafaatiif daadimatte dhage'e. \s1 Lola Filisxeemota Irratti Ka'e \p \v 15 Filisxeemotaa fi Israa'elii wodhakkaa ammalle lolli ka'e; Daawiti namoota ifii woliin Filisxeemota loliisaaf dhaqee, adoo loliisatti jiranuu Daawiti dadhabe. \v 16 Sanyii Refaa'otaa keessaa Ishibii-Benoob, eboo sageettuu irraa hujante ta kiiloogiraama sadii fi wodhakka'aa qabatee, shallaagaa haareya hidhate tokko Daawiti ijjeesiisaaf barbaade. \v 17 Ilmi Zeruyaan deette Abiishaayi ammoo Daawiti qarqaariisaaf dhufee, Filisxeemicha san ijjeese; achiin duuba namooti Daawitii, «Ati nami Israa'eliif issaa teete akka hin banne, haganaa achi nu woliin hin duulin» jedhanee kakatane. \p \v 18 Achiin duuba addee, «Gob» jedhantutti Filisxeemota woliin lolli dhibiin ka'e; yennaa san Siibekaayiin Hushaatichi nama sanyii Refaa'otaa keessaa Saaf ijjeese. \p \v 19 Lola dhibii Gob keessatti ka'een Filisxeemota woliin wol lolane keessatti, ilmi Yaa'aree-Oreegiimii Betlihemichaa Elhaanaan, nama biyya Gaatii, Goliyaad ta somey eboo isaa akka muka worri woyaa dhowu woyaa itti maratuu qabateeru ijjeese. \p \v 20 Gaati keessatti ammalle lolli dhibiin ka'e; achi keessa nami guddaan ka harkaa fi miila tokko tokko irrattuu quba jaa, wolumatti quba diddamii afur qabu tokko jiraayyu; innille nama sanyii Refaa'otaa ti. \v 21 Namichi kun yennaa Israa'elootatti murgu, obboleessi Daawitii ilmi Shimi'aa Yonaataan isa ijjeese. \p \v 22 Worri ijjeefame kun arfanuu Gaati keessatti sanyii Refaa'otaa ti; isaanille Daawitii fi loltoota isaatiin ijjeefamane. \c 22 \s1 Faaruu Daawitii Ta Galataa \p \v 1 Mootiin Waan Maraa harka diinota isaa maraa fi harka Saa'olii jalaa yennaa isa baase Daawiti faaruu asii gad jirtu tana Mootii Waan Maraatiif faarse: \b \q1 \v 2 Inni, «Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya, \q2 waan itti golladhu; \q2 ka na baasulle'e. \q1 \v 3 Waaqi kiyya rassaa kiyya \q2 ka ani itti baqadhu; \q2 wontee tiyya, \q2 ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu. \q1 Inni kushee tiyya jaddu'u; \q2 ta ani itti baqadhu; fayyisaa kiyyalle'e; \q2 namoota hunnaan nama irratti ka'anu jalaa \q2 na hin baasa. \q1 \v 4 Ani Mootii Waan Maraa leellifamaa \q2 hin waammadha; \q2 innille diinota kiyya jalaa na hin baasa. \b \q1 \v 5 «Danbaliin du'aa na marsitee, \q2 lolaan badi'ii na gad liqinse. \q1 \v 6 Wodaroon awwaalaa na xaxxee, \q2 tiyyoon du'aa na qabatte. \q1 \v 7 Rakkinna kiyya keessatti \q2 ani Mootii Waan Maraa kiyya waammadhe; \q2 akka na qarqaaruuf, \q2 Waaqa kiyyatti iyye. \q1 Inni Dunkaanii Woyyittii ifii keessaa \q2 qoonqoo tiyya dhage'e; \q2 iyya tiyyalle caqase. \b \q1 \v 8 «Mootiin Waan Maraa waan aareef, \q2 latti rommitee tachoote; \q2 hundeen ol-gubba'aalle daaxxee hollatte. \q1 \v 9 Funnaan isaa keessaa aarri baye; \q2 afaan isaa keessaa ibiddi luxub godhuu fi \q2 kashilli ibiddaa baye. \q1 \v 10 Inni ol-gubbaa dayyaasee gad bu'e; \q2 duumensi gurraachi miila isaa jala jiraayyu. \q1 \v 11 Inni dada ol-gubba'aa \q2 ta koola qaddu irra tee'ee koolaan ka'e; \q2 koola qilleensaa irra tee'ee xinniqe. \q1 \v 12 Inni dukkana gollaa ifii godhatee, \q2 dunkaaniin isaa adaala isaa jirtiiyyu; \q2 duumensi gurraachi, bisaaniin guutame, \q2 isa marseera. \q1 \v 13 Calalaqa addee inni jiruu keessaa, \q2 balaqqeettiin balaqqitte. \q1 \v 14 Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa mandi'e; \q2 Waaqi Ol Aanaan qoonqoo ifii dhageessise. \q1 \v 15 Inni daaya ifii darbatee diinota ifii bittinneesse; \q2 balaqqeessa balaqqeetti'iitiin \q2 haxowee isaan balleesse. \q1 \v 16 Xixicha Mootii Waan Maraatiin, \q2 dhowicha hafuura funnaan isaatiin, \q2 dhooqoti abbaayaa jalaa mudhatane; \q2 hundeen lafaa marti qullaa hafane. \b \q1 \v 17 «Inni gubbaa irraa gad hiixatee, na qabe; \q2 bisaan qilee keessaa harkisee na baase. \q1 \v 18 Isaan akka malee hunnaan waan na caalanuuf, \q2 inni diinota kiyya hunnaameyyii, \q2 worra na jibbu jalaa na baase. \q1 \v 19 Yennaa ani rakkadhe, \q2 isaan na irratti ka'ane; \q1 Mootiin Waan Maraa \q2 ammoo na qarqaare. \q1 \v 20 Inni gara addee badho'oo na geessee, \q2 waan natti gammadeef, na baase. \b \q1 \v 21 «Mootiin Waan Maraa \q2 akkuma balchummaa tiyyaatitti naaf godhe; \q2 inni waan ani yakkaa hin qanneef \q2 gatii naa kaffale. \q1 \v 22 Ani karaa Mootii Waan Maraa waan hordofeef, \q2 Waaqa kiyya irraa deebi'ee \q2 waan hantuu hin hunye. \q1 \v 23 Ani seera isaa mara muummesseera; \q2 seerata isaalle irraa hin gorre. \q1 \v 24 Ani isa duratti komii hin qabuuyyu; \q2 cubbuu irralle'ee ifi eeggadheera. \q1 \v 25 Mootiin Waan Maraa \q2 akkuma balchummaa tiyyaatitti, \q2 ani waan yakkaa hin qanneef \q2 badhaasa naaf kenne. \b \q1 \v 26 «Ee, Mootii Waan Maraa, \q2 ati worra addatama'aaf, ka addatante; \q2 worra komii hin qanneef, ka komii hin qanne. \q1 \v 27 Worra qulqullu'uuf, ati qulqullu'u; \q2 worra dabaalessaaf, \q2 akka daba isaaniititti gatii isaaniif kennita. \q1 \v 28 Ati worra gad ifi qabu hin baatta\f + \fr 22:28 \fr*\fk Hin baatta: \fk*\fqa Lafa tokko tokkotti hin baacha jedhan. \fqa*\f*; \q2 worra kooru ammoo hin salphitta. \q1 \v 29 Ee, Mootii Waan Maraa, \q2 ati ifa naaf hin issita; \q2 Waaqa kiyya, \q2 ati dukkana tiyya hin issita. \q1 \v 30 Qarqaarsa keetiin ani loltoota hin lola; \q2 qarqaarsa Waaqaatiin \q2 dalleya gubba'aan utaaluu dande'a. \b \q1 \v 31 «Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu; \q2 jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a; \q2 worra isatti baqatuuf, inni wonte'e. \q1 \v 32 Waaqa malee Mootiin Waan Maraa eennu? \q2 Waaqa keenna malee rassaan eennu? \q1 \v 33 Jabeenna ka anaaf kennu, \q2 ka karaa naaf qajeelchu Waaqa. \q1 \v 34 Inni miila kiyya \q2 akka miila gadansaa hin jabeessa; \q2 koobota gubbaa \q2 sodaa malee na dhaabbachiisa. \q1 \v 35 Inni harka kiyya lolaaf hin leenjisa; \q2 guubee sageettu'uu harkisuu akka dande'u, \q2 irree tiyya hin jabeessa. \q1 \v 36 Wontee teeti ta fayyinnaa naa kenniteerta; \q2 qarqaarsi keeti guddaa na godheera. \q1 \v 37 Karaa ideemmaa tiyyaa naaf badhittee, \q2 miilli kiyyalle hin mucucaanne. \b \q1 \v 38 «Ani diinota kiyya \q2 ari'ee isaan balleesse; \q2 haga isaan badanutti \q2 ani duubatti hin deebine. \q1 \v 39 Akka isaan dande'anee hin kaane, \q2 gad isaan dhowe; \q2 isaan miila kiyya jalatti jigane. \q1 \v 40 Ati lolaaf hunna naaf kennite; \q2 mormitoota tiyya \q2 miila kiyya jalatti jilbiiffachiitte. \q1 \v 41 Ati diinoti kiyya worri na jibbu \q2 duubatti deebi'anee akka baqatanu goote; \q2 anille isaan balleesse. \q1 \v 42 Isaan qarqaarsa gaafatiisaaf iyyane; \q2 ammoo nami tokkolle isaan hin qarqaarre. \q1 Isaan Mootii Waan Maraa waamane; \q2 inni ammoo deebii hin kennine. \q1 \v 43 Akka bukuu qilleensi afuufuu, \q2 ani isaan butuche; \q2 akka dhoqqee karaa keessaa, \q2 ani isaan irra sirbe. \b \q1 \v 44 «Ati kolbaa tiyya \q2 ta na loltu jalaa na baatte\f + \fr 22:44 \fr*\fqa Baatte: \fqa*\fqa Yookiin Baache \fqa*\f*; \q2 gosa biyya adda addaa irratti \q2 bulchaa na goote; \q2 kolbaan ani hin beenne na tajaajilte. \q1 \v 45 Worri ormaa na sossobatane; \q2 gurra kiyya akkuma dhage'aneen, \q2 naaf ajajamane. \q1 \v 46 Isaan Sodaatanee addii kutatane; \q2 raafamanee kushee jadduu ifii \q2 lakkisanee bayane. \b \q1 \v 47 «Mootiin Waan Maraa jiraata'a! \q2 Rassaan kiyya leellifamuu ti! \q2 Waaqi fayyisaan kiyya jajamuu ti. \q1 \v 48 Inni Waaqa diinota kiyya haluu naa bayu; \q2 gosa biyya adda addaa harka kiyya jala galcha. \q1 \v 49 Inni diinota kiyya jalaa na baasa. \q2 Diinota kiyya irratti ol ol na qaba; \q2 kolbaa hunnaan na irratti kaatu jalalle'ee \q2 na baasa. \q1 \v 50 Tanaaf, Mootii Waan Maraa, \q2 gosa biyya adda addaa oddu'utti si leellisa; \q2 faaruu leellisaatiin maqaa keeti faarfadha. \q1 \v 51 Mootiin Waan Maraa mooticha mootii godheef, \q2 injifachaa kenna; \q2 ka ifii muude Daawitii fi sanyii isaatiifille, \q2 jaalala ifii ka bara baraa itti mudhisa» jedhe. \c 23 \s1 Dubbii Daawitii Ta Dhumaa \p \v 1 Dubbiin Daawitii ta dhuma irratti inni dubbate ta asii gad jirtu: «Ergaan Daawitii ilma Iseyii, ka Ol Aanaa irraa guddinna dhaggatee, ka nama Waaqa Yaaqoobiitiin muudamee, faaruun faarsicha Israa'elii tana: \b \q1 \v 2 «Ayyaanni Mootii Waan Maraa \q2 karaa kiyyaan dubbateera; \q2 jechi isaa arraba kiyya irra jira. \q1 \v 3 Waaqi Israa'elii dubbateera; \q2 rassaan Israa'elii anaan, \q2 ‹Nami tokko balchumma'aan yennaa bulchu, \q2 Waaqa sodaatiisaan yennaa bulchu, \q2 \v 4 inni akka ifa ganamaa, \q2 ka duumensi adoo hin jiraatin \q2 yennaa aduun baatu ifuu ti; \q2 akka calalaqa roobaan duuba \q2 latti marra akka baattu godhuu ti› jedhe. \b \q1 \v 5 «Dhugumaan manni kiyya \q2 Waaqa duratti akkasii motii ree? \q2 Inni gondooroo bara baraa \q2 na woliin godhateera. \q1 Waan mara sirreessee jabeessee hin eega; \q2 fayyinna kiyyaa fi fedhii tiyya mara \q2 ka naaf muummessu isaa motii ree? \q1 \v 6 Garuu namooti hamooleen marti \q2 akka qoreettii \q2 nami harkaan wolitti qabuu hin dandeennee \q2 hin gataman. \q1 \v 7 Nami sibiilaa fi someya ebo'ootiin \q2 qoreettii wolitti hin qaba; \q2 qoreettiin sun achumaan ibiddaan hin gubanti.» \s1 Loltoota Daawitii Gootota. \p \v 8 Maqaan loltoota Daawitii ta worra goototaa ta asii gad jiru: Yosheb-Baashebetii Takmoonicha sooressaa gootota sadii; inni lola tokko keessatti namoota dhibba saddeeti eboo ifiitiin fixe. \v 9 Ka isatti aanu ilma Dodoo Ahohichaa Ele'azaar; Filisxeemota lolaaf wolitti qabamanetti dhaadatanu, loltoota jannoota sad keessaa tokkochi isa. Achiin duuba Israa'elooti baqatane. \v 10 Inni ammoo haga irreen isaa irraa buututti, haga harki isaa shallaaga'atti gogutti Filisxeemota lole; guyyaa san Waaqi injifachaa guddaa isaaf kenne. Loltooti gara Ele'azaarii deebi'anee Filisxeemota worra ijjeefame irraa meya lolaa mulqatane. \v 11 Ka itti aanu ilma Aagee Haraarichaa Shama'a. Addee, «Lehi» jedhantutti fichaa misiraa keessatti yennaa Filisxeemoti wolitti qabantu, loltooti Israa'elootaa isaan duraa baqatane. \v 12 Shamaan garuu fichuma san keessa dhaabbatee, Filisxeemota ijjeesee fichaa irraa deebise; guyyaa san Mootiin Waan Maraa injifachaa guddaa isaaf kenne. \v 13 Yennaa midhaan galfatanu loltooti Filisxeemotaa dhooqa Refaa'iimii keessatti addee qabatanee adoo jiranu, loltoota gootota soddoma keessaa sadiin addee Daawiti jiru gara goda «Adulaam» jedhamuu dhufane. \v 14 Yennaa san Daawiti kushee keessa jiraayyu; gareen loltoota Filisxeemotaalle Betlihem keessa jiran. \v 15 Daawiti dharraa guddo'oon, «Boolla karra Betlihemii bira jirtu keessaa bisaan unu eennutti naaf fida laati?» jedhe. \v 16 Maarre loltooti goototi sadiin sun quttuma Filisxeemotaa keessa dabaranee boolla karra Betlihemii bira jirtu keessaa bisaan woraabanee Daawitiif fidane. Daawiti ammoo, bisaan san hin unne. Inni bisaan san kennansa godhee, Mootii Waan Maraatiif dhangalaasee, \v 17 «Ee, Mootii Waan Maraa, waan akkasii kana godhiis narraa fagaatu! Kun dhiiga worra lubbuu ifii gurguratee dhaqeetii motii ree?» jedhe; tanaaf Daawiti bisaan isaaf fidane san uniisa hin barbaanne. Jannummaan loltooti goototi sadiin sun godhane tana. \v 18 Abiishaayi obboleessi Yo'aabii ka Zeruyaan deette sooressaa worra sadiin kanaa ti. Inni eboo ifiitiin namoota dhibba sad ijjeesee, akka worra sadiin sanii loliisaan gurri isaa ka'e. \v 19 Inni worra sadiin san caalaa ulfinna guddaa qabaa motii ree? Akka isaanii beekkamuu dhabulle ajajaa isaanii te'e. \v 20 Ilmi Yihoyaada'aa nami biyya Kabzii'elii Benaayaan, lolticha goota nama hujii gugurdoo huje. Inni gootota Mo'aabii lama ijjeese. Gaafa dhakaan roobaa bu'e tokko gara bowwa'aa gad dhaqee, neenqa tokkolle ijjeeseera. \v 21 Inni nama biyya Gibxi'ii tokkolle ijjeeseera. Namichi Gibxi'ii sun eboo qabaatulle, Benaayaan ulee ifii qabatee itti dhaqee, eboo isaa harkaa butee fuudhee, ebuma isaatiin namicha Gibxi'ii san ijjeese. \v 22 Ilmi Yihoyaada'aa Benaayaan tana godhiisaan, innille akkuma gootota dhiira sadiin sanii gootummaa dhaggate. \v 23 Inni loltoota gootota soddoma san caalaa ulfinna dhaggate; te'uu malee inni akka gootota sadiin kaanii ka beekkamee moti. Daawitille worra isa eegu irratti itti gaafatamaa isa godhate. \v 24 Worra soddoma keessaa maqaan isaanii ka asii gad jiru: Obboleessa Yo'aabii Asaahel, nama biyya Betlihemii ilma Dodoo Elhaanaa, \v 25 nama biyya Harorii Shaamaa, nama biyya Haarodii Eliiqaa, \v 26 nama biyya Phaaltii Helez, nama qachaa Teqo'aa ilma Iqeshii Iiraa, \v 27 nama qachaa Anaatotii Abii'ezer, nama biyya Hushaatii Mebunaa'i, \v 28 nama biyya Ahohii Zaalmon, nama biyya Netofii Maharaay, \v 29 ilma Ba'anaa nama biyya Netofii Heled, sanyii Beniyaamin keessaa ilma Rebaayii nama qachaa Giibe'aa Iitaayi, \v 30 nama biyya phiiraatonii Benaayaan, nama dhooqa Ga'aashii Hiidaayi, \v 31 nama biyya Aarabataahii Abii-Alboon, nama biyya Barhumii Az-maawet, \v 32 ilmaan Yaashenii keessaa nama biyya Sha'albonii Eliyaabaa, \v 33 ilma Shamaa nama biyya Haraarii Yonaataan, ilma Shaaraarii nama biyya Haraarii Ahii'aam, \v 34 ilma Ahasbaayii nama biyya Ma'akaatii Eliifelex, ilma Ahiitofelii nama biyya Giloonii Elii'aam, \v 35 nama biyya Qarmelosii Hezro, nama biyya Arbaa'ii Pha'iiraayi, \v 36 nama biyya Zobaa ilma Naataanii Iigaal, nama biyya Gaadii Baan, \v 37 nama biyya Amoonii Zeleq, nama biyya Berootii Naharaayi ka Zeruyaan deette ka meya lolaa Yo'aabiif ba'atu, \v 38 nama biyya Itrii Iiraa, nama biyya Itrii Gaareb, \v 39 nama biyya Heetii Uriiyaa fa'a; isaan kun wolumatti nama soddomii torba. \c 24 \s1 Daawiti Loltoota Laakkossiise \p \v 1 Ammalle aariin Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti bobeettee, «Dhaqiitii kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa laakkow» jedhee Daawiti isaan irratti kaase. \p \v 2 Maarre mootichi Daawiti Yo'aabii fi ajajjoota loltootaa ka isa woliin jiranuun, «Ani laakkossa namoota kiyyaa akka beeku gosa Israa'elii mara keessa deema'aatii Bersheeba'aa haga Daaniititti Israa'eloota laakkowa'a» jedhe. \p \v 3 Yo'aab ammoo deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii dachaa dhibba baceessuu ti; ilti goottaa kiyya mootichaalle tana dhaggituu ti; garuu goottaan kiyya mootichi maaf waan akkasii kana godhuu barbaade?» jedhe. \p \v 4 Te'uu malee ajaji mootichaa Yo'aabii fi ajajaa loltootaa irratti jabaate; maarre Yo'aabii fi ajajaan loltootaa kolbaa Israa'elii laakkowiisaaf mooticha biraa bayane. \p \v 5 Isaan laga Yordaanosii gamatti bu'anee bayaneen duuba, qachaa Aro'erii gara kibbaatiin qubatanee, karaa Gaadiitiin gara qachaa Yaazerii deemane. \v 6 Isaan achii ka'anee gara Giil'aadiitii fi gara lafa Heetotaa Qaadesh keessa dabaranee gara qachaa Daan Yaa'aanii deemane, Daanii ka'anee marfatanee gara qachaa Sidoonii deemane. \v 7 Achiin duuba gara kushee Xiiroosii, gara qachoota Hiiwotaatii fi gara qachoota Kana'aanotaa mara deemane. Dhuma irratti gara qachaa Bersheebaa ka biyya Yihuda'aa keessa gara kibbaatitti dhaggamuu deemane. \v 8 Maarre isaan lafa mara keessa deddeemanee ji'a sagalii fi bulii diddamaan duuba gara Yerusaalemii deebi'ane. \v 9 Yo'aab laakkossa kolba'aa mootichatti hime; Israa'el keessa namoota kuma dhibba saddeeti, Yihudaa keessalle namoota kuma dhibba shan worra shallaaga'aan loluu dande'utti jiraayyu. \v 10 Te'uu malee Daawiti kolbaa laakkoween duuba gadhaan hammaatee, Mootii Waan Maraatiin, «Ani gowwumma'aan cubbuu guddoo akkasii waan godheef, cubbuu ana tajaajilaa keetii akka araarantuuf, si gaafadha» jedhe. \v 11 Daawiti ganamaan yennaa ka'e, jechi Mootii Waan Maraa gara Gaadii raagichaa ka Daawitiif mudhii dhagguu dhufee, \v 12 «Gara Daawitii dhaqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani filannoo sad si'iif hin kenna; isaan keessaa ka ani sitti fidu tokko filadhu siin jedha› jedhii itti himi» jedhe. \v 13 Maarre Gaadi gara Daawitii dhaqee isaan, «Beelti woggaa sadii lafa teeti irratti dhutte woyya moo? Yookiin diinni keeti si ari'anuun ji'a sad isaan duraa baqattu woyya moo? Yookiin balaa guyyaa sadii lafa teeti irratti fidu sii woyya? Amma tana irratti yaadadhuutii ka na ergeef deebii akka kennu murteeffadhu» jedhe. \v 14 Daawitille Gaadiin, «Ani rakkinna guddaa keessa jira. Ani harka namootaatiin adabamuu manna, marartiin Mootiin Waan Maraa guddoo waan teeteef, harka Mootii Waan Maraatiin adabamu naaf woyya» jedhe. \v 15 Maarre Mootiin Waan Maraa Israa'eloota irratti balaa buusee, ganama sanii kaasee haga guyyaa murteeffameetitti Daanii haga Bersheeba'aatitti namooti kum torbaatam dhumatane. \v 16 Yennaa ergamaan Waaqaa Yerusaalem balleessiisaaf harka ifii diriirse, Mootiin Waan Maraa marroo badii sanii gaddee, ergamaa Waaqaa ka kolbaa balleessiisatti jiruun, «Hin geetti; harka keeti irraa deebifadhu» jedhe. Yennaa san ergamaan Mootii Waan Maraa eeddummee Ornaa Yibusichaa bira dhaabbateeraayyu. \v 17 Daawiti ergamaa Waaqaa ka kolbaa fixiisatti jiru san yennaa dhagge, Mootii Waan Maraatiin, «Kunoo, nami cubbuu huje ka dokonkorelle ana; kolbaan tun ammoo akka hoole'ee ti; isaan maan godhane? Addabbiin teeti anaa fi maatii abbaa kiyyaa irratti teetuu ti» jedhe. \s1 Daawiti Addee ciinca'aa Ijaare \p \v 18 Guyyaa san Gaad gara Daawitii dhaqee isaan, «Ka'iitii eeddummee Ornaa Yibusichaa irratti Mootii Waan Maraatiif addee ciinca'aa ijaari» jedhe. \v 19 Maarre Daawitille akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Gaadiitiin isa ajaje godhe. \v 20 Orna yennaa ilaalu mootichii fi namooti isaa gara isaa dhufiisatti jiranuun dhaggee, gad bayee fuula mootichaa duratti gad lafatti gombifame. \v 21 Orna, «Goottaan kiyya mootichi gara tajaajilaa ifii maaf dhufe?» jedhee gaafate. Daawiti deebisee, «Balaan kolbaa irratti bu'e kun akka dhaabbatu, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa ijaariisaaf, eeddummee teeti bitatiisaaf dhufe» jedhe. \v 22 Orna Daawitiin, «Kennansa gubamu dhikeessiisaaf qotiyyooti kunoo ti; qoraaniifille waanjoon qotiyyootaatii fi uleen midhaaniin dhowanu kunoo ti; goottaan kiyya mootichi waanuma isatti tole fuudhee kennansa gubamu dhikeessuu ti; \v 23 ee, mooticha ani Orna waan kana mara si'iif hin kenna» jedhe. Itti dabalee Orna mootichaan, «Mootiin Waan Maraa kennansa gubamu sirraa fudhatuu ti» jedhe. \v 24 Mootichi ammoo deebisee Ornaaniin, «Waawwo'o; ani gatii si'iif hin kaffala; waan gatii hin kaffalin Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf kennansa gubamu hin dhikeessu» jedhe. \p Maarre Daawiti eeddumme'ee fi qotiyyoo beesee meeti'ii dhibba jaan bitate. \v 25 Daawiti achitti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesse. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa daadimata marroo lafaatiif daadimatane dhage'ee, balaan Israa'el irratti bu'e dhaabbate.