\id 2PE - Guji Bible \ide UTF-8 \h 2 Ergaa Pheexroosii \toc1 Ergaa Pheexroos Erge Ta Lammeesso'oo \toc2 2 Ergaa Pheexroosii \toc3 2 Phex. \mt1 Ergaa Pheexroos Erge \mt2 Ta Lammeesso'oo \imt Seensa \ip Ergaan Pheexroosii ta lammeesso'oo, kiristaanota durii ka lafa adda addaa jiranuuf barreeffante. Yaadi guddaan ergaa tanaa, hujii badduu barsiisota dharaatii fi jiruu baalagumma'aa ta barsiisa isaanii irraa dhuttu mormiisa. Rakkoo kaate tanaaf wonni fala te'u, karaa barumsa worri Yesuus ila ifiitiin dhaggee fi inni barsiisuun gurra ifiitiin dhage'e dabarseetiin, marroo Waaqaatii fi Goottaa Yesuus Kiristoosii beekkumsa qabatamaa te'e dhaggatiisa. Barreessaan kitaaba kanaa, keessumattuu barsiisa dharaa worra Kiristoos deebi'ee hin dhufu jedhuu irratti xiyyeeffateera. Inni waan kana ilaalchisee yennaa dubbatu, «Deebiin Kiristoosii wonni turtuuf, waan Waaqi nami duudiin cubbuu irraa akka deebi'u malee, nami tokkolle akka badu hin barbaanneef» jedha. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-2\ior* \io1 Waamamiisa Kiristaanaa\ior 1:3-21\ior* \io1 Barsiisota dharaa\ior 2:1-22\ior* \io1 Deebi'ee dhufiisa Kiristoosii\ior 3:1-18\ior* \c 1 \p \v 1 Ana Simoon Pheexroosii, tajaajila'aa fi ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa: \p Worra karaa balchummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, dhugeeffannaa gatii guddo'oo, tama akka nuuti dhaggannee dhaggattaneef: \p \v 2 Waaqaa fi Goottaa Keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, badhaadhaa fi nageenni isiniif fakkanu. \s1 Waamichaa Fi Filiisa Waaqaa \p \v 3 Waaqa ulfinnaa fi dansummaa ifiitiin nu waame beekiisaan, hunni Waaqummaa isaa, waan jiruu teennaa fi ayyaantummaa dhuga'aatiif\f + \fr 1:3\fr*\fqa Ayyaantumaa dhuga'aatiif: \fqa*\ft Nama Waaqaa akka teenu\ft*\f* nuu barbaachisu duudii kenniteerti. \v 4 Ulfinnaa fi dansummaa isaatiin, waadaa isaa ka akka malee gudda'aatii fi ka gatii gudda'aa dhagganneerra; karaa waan kanaatiin, sababa halchaa baddu'uutiin ta kaate, badii biyya lafaa keessa jirtu jalaa baatanee, amala Waaqumma'aa worra qoodamu teetaneertan. \v 5 Sababa kanaaf, dhugeeffannaa irratti dansummaan akka dabalantu, dansummaa irratti beekkumsa, \v 6 beekkumsa irratti ifi qabatiisa, ifi qabatiisa irratti ciniinnatanee ossiisa, ciniinnatanee ossiisa irratti nama Waaqaa te'iisa, \v 7 nama Waaqaa te'iisa irratti, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa irratti jaalala nama maraa qabaadha'a. \v 8 Wonni kun isin keessa jiraattee heddataa yoo deente, Goottaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, akka isin worra woy hin baanee fi midhaan hin buunne akka hin teene isin hin eega. \v 9 Nami waan kana hin qanne ammoo, nama fagoo hin dhagginee fi balla'a; inni cubbuu durii irraa qulloomuu ifii dedheera. \p \v 10 Tanaaf obboleeyyan tiyya! Waamamiisaa fi filamiisa keessan mirkaneessiisaaf, worra caalchittanee dharraatanu te'a'a; tana yoo gootane dhugeeffannaa teessan irraa ijjumaa hin jiddanu. \v 11 Akka kanaan, gara mootummaa Goottaa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta bara baraatitti akka galtanu middi guutuun isiniif hin kennama. \p \v 12 Maarre isin amma waan kana beettanee, dhugaa qabattaneen jabaattanee jiraattanulle, ani yennaa maraa waan kana isin yaadachisiisa hin lakkisu. \v 13 Ani haga jiruu keessummumma'aa tanaan jiru, yaada keessan dammassuun kiyya sirrii te'ee natti mudhata. \v 14 Sababille Goottaan keenna Yesuus Kiristoos akka natti mudhisetti jiruu lafa tanaa dafee lakkisee akka deemu hin beeka. \v 15 Ani deemeen duubale'etti, waan kana duudii akka isin yennaa mara qaabattanu godhu'uuf hin jabaadha. \s1 Dhugaa Baatota Ulfinna Kiristoosii Ila Ifiitiin Dhaggite \p \v 16 Nuuti hunnaa fi deebi'ee dhufiisa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii yennaa isinitti beessinne, guddinna isaa iluma teennaan dhaggineeti malee, mammaassa beekkumsa namaatiin dadame irratti hundoonneetii moti. \v 17 Inni qoonqoon, «Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, ani isatti guddoo gammadeera» jettu ulfinna gudda'aan yennaa dhutte, Waaqa Abbaa irraa guddinnaa fi ulfinna fudhateera. \v 18 Yennaa isa woliin gaara woyyicha gubbaa jirru, nuutinuu qoonqoon tun ol-gubbaa irraa dhuttuun dhageenneerra.\x - \xo 1:18 \xo*\xt Mat. 17:1-5; Mar. 9:2-7; Luq. 9:28-35\xt*\x* \p \v 19 Maarre dubbiin raagoti dubbatane irra caalaa nuu mirkanootteerti. Isin haga boruun dayya'ee bakkalchi ganamaa gadhaa keessan keessatti bawutti, dubbii tana akka ifa addee dukkanaatitti ifuuf xiyyeeffannaa kennitanu, dubbii raagoti dubbatte tanaaf yoo xiyyeeffannaa kennitane dansaa gootan. \v 20 Waan duudi'iin dura, dubbii raagaa ta Barreeffama Woyyicha keessa jirtu, eennulle yaada ifiitiin hiikiisaaf akka hin dandeenne hubatuu qaddan. \v 21 Sababille dubbiin raagaa worra Ayyaana Woyyichaan sooreffameen Waaqa irraa dhutte malee, ijjumaa fedha namaatiin hin dhunne. \c 2 \s1 Barsiisota Dharaa \p \v 1 Akkuma tanaan qara raagoti dharaa kolbaa oddu'utti ka'ane, barsiisoti dharaa isin oddu'utti hin ka'an. Isaan akka barsiisi dharaa ka badii fidu dhokaataan babadhatu godhan; Goottaa isaan wodelle mormatanee, badii ariifattuu ifi irratti fidan. \v 2 Namooti hedduun karaa isaanii fokkisiisaa hordofan; waan isaan godhanuun ta kaate karaan dhuga'aa hin arraffama. \v 3 Barsiisoti dharaa tun joljolummaa ifiitiin mammaassa ifuma keessaa fuudhaa dubbataa isin irraa nyaatan. Muraan bara duriitiin jalqaddee isaanii qophootteerti. Badiin isaaniille rattee hin jirtu! \p \v 4 Waaqi yennaa ergantooti isaatuu cubbuu hujane, isaan gad darbatee, boolla qilee dukkanaa keessatti wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, guyyaa mura'aatiif akka eegamanu godhe malee, isaan hin mararre. \v 5 Akkasuma, Inni biyya lafaa ta durii, ta namoota Waaqa malee le'anuu irratti bisaan badi'ii fidee, Nohii waan balchumma'aa lallabe qofa, namoota dhibii torba woliin hambure malee, isii hin mararre. \v 6 Waaqi waan worra Waaqa malee le'u irratti dhufuuf akka fakkeenna te'uuf, qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aatitti muree ibiddaan balleessee daadhaa godhe. \v 7 Inni Looxii balchicha, hujii fokkisiittu worra seera malee le'uutiin farraa le'u ammoo hambureera. \v 8 Namichi balchaan sun yennaa odduu isaanii le'u hujii isaanii ta seera male'ee, ta dhagguu fi dhage'uun guyyuma guyya'aan lubbuun isaa balchittiin farraa turte. \v 9 Maarre Goottaan, namoota Waaqaa haga ilaalcha jalaa attam akka baasu, worra jalloota ammoo haga guyyaa mura'aatitti attam akka adabama jala tursu hin beeka; \v 10 keessumattuu worra halchaa badduu fedha foon ifii hordofuu fi worra baallii Waaqaa jibbu guyyaa mura'aatiif eega. \p Barsiisoti dharaa tun worra sodaan keessa hin jirree fi koorameeyyii waan te'aneef, dada ulfinnaa ta ol-gubba'aa hin arrassan malee hin ulfeessanu. \v 11 Ergantooti Waaqaa, barsiisota dharaa tana caalaa hunnaa fi baallii qabaatanulle, Goottaa duratti dubbii arrabaatiin isaan hin himatanu. \v 12 Barsiisoti dharaa tun ammoo waan ifiif hubatuu dadhabane arrassan; isaan akka bineensa duuddittii le'uutii fi yaadee wo gargar hin baannee, ka qabamu'uu fi ijjeefamu'uuf dhalatee ti; akkuma bineensi sun badu, isaaniille ijjumaa hin badan. \v 13 Isaan hantuu tolchaneef hantuu dhaggatan. Isaan ila guyya'aatiin halchaa nafa ifii guutatiisaaf waanuma fedhane godhaa gammadan; yennaa nyaataaf isin woliin waamamane, isaan worra hujii isaanii maltitti'iin fokkisiisuu fi qaanessu. \v 14 Iltii isaanii yennaa duudii halcha'aan gara gaarayyeeffataa ilaalti; halchaan isaaniille cubbuu hujiisa irraa dheebuu hin baatu. Namoota dadhaboolee wollaalchisanee tiyyoo ifiititti galfatan. Qalbiin isaanii joljoliisa baratteerti. Isaan abaarsa Waaqaa jala jiran! \v 15 Isaan karaa qajeelaa dhiisanee, karaa Bala'aamii ilma Be'orii ka waan hantuu hujiisaan beesee dhaggantu jaalatuu faana goranee dokonkoraneeran. \v 16 Inni ammoo yakkaa ifiitiif xixame. Harreen dubbatuu hin dandeenne qoonqoo namaatiin dubbattee maraattummaa raagichaa dhooggiteerti. \p \v 17 Worri akkanaa kun akka bisaan madda gogeetii fi duumensa bubbe'een oofamuu ti; dukkanti dimmille isaan eegatti. \v 18 Isaan ifi saadaa dubbii gara hin qannelle dubbatiisaaf, halchaa badduu fedha fooniitiin, worra dokonkora keessa le'anu keessaa reefuu baqatanee dhufane sossobaa tiyyoo ifii keessatti galchan. \v 19 Adoo ifiifuu garbummaa badi'ii jala jiranuu, worra kaaniin ammoo bilisa baatan jedhaa, addii kennaniif; sababille nami tokko waan isaaf goottome maraaf garba. \v 20 Goottaa keennaa fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, battummaa biyya lafaa jalaa bayaneen duuba, deebi'anee itti qabamanee yoo mowamane, akki isaan itti le'anu ka duubaa ka duraa caalaa itti hammaata. \v 21 Karaa balchumma'aa beekaneen duuba, ajaja woyyicha isaaniif kenname beekanee, addee irraa deebi'anu adoo duruu beekuu dhabanee woyya. \v 22 Mammaassi dhugichi, «Sareen diddiga ifiitittuu deebiti» jedhu, akkasuma «Booyyeen dhiqatte dhoqqee keessatti gangalatiisaaf deebiti» jedhu isaan irratti te'eera. \c 3 \s1 Waadaa Dhufiisa Gootta'aa \p \v 1 Jaalota tiyya! Ergaan ani amma isiniif barreessiisatti jiru tun, ta lammeesso'oo ti. Waan kana qaabatiisaan yaada qajeelaa akka qabaattanuuf, isin kakkaasiisaaf jedhee, ergaa lamaanuu isiniif barreesse. \v 2 Kanaan dura jechoota raagoti dubbatanee fi ajaja Gootta'aa fi Fayyisaa keennaa, ka karaa ergantoota isin tajaajiltuutiin kenname akka qaabattanu barbaada. \v 3 Waan duudi'iin qara, guyyoota muumme'eetitti worri shasheessuu fi worri halchaa badduu ifii hordofu shasheessaa akka dhufu hubatuu qaddan. \v 4 Isaan, «Yesuus deebi'ee akka dhufu waadaa galeeraa motii? Inni meet ree? Haguma abbootiin teenna ta durii duuteenuu jalqabee, wonni duudiin jalqaba dadaatiin jalqaddee akkuma jirtu jirti!» jedhan. \v 5 Isaan akka bara heddu'uun duratti, ol-gubbaan jecha Waaqaatiin dadantee fi akka latti bisaan irraa fi bisaaniin hujante adoo beekanu akka hin beennee te'an. \v 6 Biyyi lafaa ta yennaa san jirtulle, bisaaniin liqinfantee badde. \v 7 Ol-gubba'aa fi latti amma jirtu tun ammoo, akka ibiddaan badanuuf, haga guyyaan mura'aatii fi badiin worra Waaqa malee le'uu geettutti, jechuma kanaan eegaman. \p \v 8 Jaalota tiyya, waan tokko hin dedhina'a! Goottaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaa ti; woggaan kum akka guyyaa tokkoo ti. \v 9 Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi'uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa. \p \v 10 Guyyaan Gootta'aa ammoo akka hattu'uu dedha dhufa; guyyaa san ol-gubbaan qoonqoo guddo'oon dhidhinti; dadi ol-gubba'aalle ibiddaan gubattee baddi; latti waan isii irra jiru duudii woliin hin baddi. \v 11 Wonni kun duudiin akka kanaan ta baddu yoo teete, isin attam le'iisaaf maltane ree? Isin woyyumma'aa fi Waaqaaf ifi kenniisaan le'iisa qaddan. \v 12 Yoona worra guyyaa dhufa Waaqaa dharra'aan eegattanuu fi worra akka inni ariifatee dhufu hujanu te'a'a. Gaafa ol-gubbaan ibiddaan gubattee baddu, dadi marti o'aan hin baxxi. \v 13 Nuuti ammoo akkuma inni waadaa nu'uuf galetti, ol-gubbaa haareya, addee hujiin balchumma'aa itti hundeefantu san hin eeganna. \p \v 14 Tanaaf jaalota tiyya! Waan kana adoo eegattanuu, fuula Waaqaa duratti worra xuri'ii fi komii hin qanne teetanee jirtanuun, akka nageyaan isin dhaggu jabaadha'aa le'a'a. \v 15 Ossiis Goottaa keennaalle akka isin fayyitanuuf akka te'e beeka'a! Akkasuma obboleessi keenna jaalatamaan Phawuloosille qaruu Waaqi isaaf kenneen tanuma isiniif barreesse. \v 16 Inni ergaa ifii duudii keessatti marroo dubbii tanaa akkuma kana barreesseera. Ergaa isaa keessatti wonni tokko tokko ka hubatiisaaf nama dhibu jira. Worri wollaala'aa fi afaan lama dubbatu akkuma Barreeffama Woyyicha dhibii dassee hiiku, waan kanalle daddassa. Maarre isaan badii ifi irratti fidan. \p \v 17 Isin ammoo, jaalota tiyya! Waan kana waan duruu beettanuuf dokonkora worra jalliye'eetiin harkifantanee ijjanoo teessan jadduu irraa akka hin banne, ifi eegadha'a. \v 18 Ammoo badhaadhaa fi beekkuma Gootta'aa fi Fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ittuma guddadha'a. Ammaa fi haga bara baraa ulfinni isaaf te'u! Ameen.